Liiz Chikaajee: Rogeettii qabsooftee paarkiin biyyaalessaa tokko akka hundeeffamu taasifte Liiz Chikaajeen rogeettii lafa qomoon ishee akka wayyuu ykn ulfootti ilaalan eegumsi taasifamuuf qabsoofte Paarkiin biyyaalessaa Peeruu Yaguhas jedhamu akka hundaa’u taasifteetti. Hojii gaarii hojjette kanaafis badhaasa kabajaa kunuunsa naannoo sadarkaa idil-addunyaatti kennamu injifatteetti. Liiz Chikaaje Churay, rogeeyyii sadarkaa idil-addunyaatti badhaasa waggaa Gooldmaan jedhamu injifatan ja'an keessa tokko ta’uun beekamtii argatte. Paarkiin biyyaalessaa Peeruu Yaguhas bosona Amaazon lafa heektaara miliyoona lama caalurratti argamu eeguuf oola. Bosonni kun lubbu qabeeyyii hedduu qabaachuun isaan adda kan isa taasisu yoo ta’u, gochi rogeettii kanaa kun bosona kana eeguufi kunuunsuuf akka tattaaffii ijoo ta’eettis fudhatameera. Dubartiin ganna 38 Liiz Chikajeen hogganaa hawaasa ganamaa (indigenous) naannoo bosona kanaa jiraatan Huhitotoo jedhamanii kan ta’an Benjamiin Rodrigeez wajjin badhaasa kanaaf kaadhimamtee turte. Aab Benjamiin Rodrigeez garuu koronaavaayirasiin erga qabamanii booda itti hammaatee bara darbe du’aan boqote. Liiz Chikaajeen hawaasa ganamaa naannoo Paarkii biyyaalessaa Yaguhas jiraatan keessaa dhalatte. Iddoon isaammoo Kaaba-Dhiha Loreetoo jedhamu daangaa Peeruufi Kolombiyaatti argama. Paarkicha keessa namni hin qubanne hin jiraatu, bosonnichi heektara miliyoona 2.1 keessaa heektaarri 868,000 sanyii biqiltoota 3,000 ta’aniifi sanyii simbirroota 500 oli, akkasumas sanyii qurxummilee 550 of keessaa qaba. Aadde Chikajeen miseensota hawaasa ganamaa naannoo bosona kanaa jiraatan biroo wajjin duula gaggeessiteen bara 2018 mootummaaan Peeruu bosonicha akka paarkii biyyaalessaatti daangessu taasifte.
Chikaajeen akka tasaatti, paarkichi hundeeffame otoo hin taane, gartuu hawaasa ganamaa naannicha jiraatan biroo waliin falmiinetu daangeffame jette. ‘’Bosona walitti duude keessa jiraanna, akka hunda caalu ni beeknas, keessa deemna, kanaafuu fedhiin lafa kanaafi namoota bosona kanarratti hundaa’an eeguu uumamaan kan jirudha’’ jechuun BBCtti himte. Aadde Chikajeen akka jettutti, yaadni namoota seeraan ala muka muranii soofaniifi albuuda baasan bosonicharraa eeguuf karoorsuu waan haaraa mitii jetti. Haata’u malee, bosonichi paarkii biyyaalessaa ta’e akka labsamuuf hawaasni ganamaa naannicha jiraatan tumsa karaa siyaasaa argachuuf ganna kudhanitti lakka’amu gaafate. ‘’Biyya, bosonaafi hawaasa kee jaalachuutu sirraa eegama,’’ jette Chikajeen wayita waan kaka’umsa ta’eef ibsitutti. ‘’Bosonni kun akka ciramu hin eeyyamne, sababiin isaammoo bineensonni akka keessatti wal horaniif bu’uura akka ta’e beekna,’’ jette. Eegumsi bosona kanaa akka galma gahuuf hawaasni ganamaa naannicha jiraatan, quqamtoonni kunuunsa naannoo Peeruufi godambaan Chikaagoo, akkasumas hawaasni kunuunsa bineensotaa Firaankfart walta’iinsaan gargaaraniiru. Bosonichi hawaasa ganamaa naannicha akka jiraataniif hedduu murteessaadha. Qurxummii kiyyeessuufi omisha qonnaatiin of jiraachisuuf bosona kanarratti hundaa’u. Hawaasni Booraa sirumayyuu amantaasaniif jecha bosona kana barbaadu jetti Chikaajeen. Jaarraa 19ffaafi jalqaba jaarraa 20ffaa wayita mukti gommaa Amaazoon hedduu barbaadamaa ta’etti, hawaasni ganamaa kunneen haphee muka kanarra argamu akka funaanan dirqisiifamu ture. Namoonni 100,000tti tilmaamaman hojii humnaa akka hojjatan dirqisiifamuu, garboomfamuufi dararamuun du’aniiru.
Namoonni 100,000tti tilmaamaman hojii humnaa akka hojjatan dirqisiifamuu, garboomfamuufi dararamuun du’aniiru. Hawaasni Booraa kanneen dureeyyii haphee muka gommaan duroomaniin garboomfamanii turan. Namoonni muraasni garbummaa jalaa bosona Paarkii Yaguhas jedhamu kanatti baqatanii miliqaniiru. Aadde Chikaajeen, "akaakayyuuwwan keenya otoo miliquuf yaalanii nyaataafi qoricha dhabanii du’an,’’ jetti. ‘’Nuuf bakka wayyuu (ulfoodha), otoo manca’uu ilaaluu hin dandeenyu," jette. Chikaajein bosonichi miidhaaf saaxilamusaarran kan ka’e mootummaan eegumsa isaatti hirmaachuun dhimma ijoo ta’uu kaafte. Kana malees, hawaasni ganamaa naannicha jiraatan bosonicha eeguuf qabeenya gahaa hin qaban jette. Namoonni seeran ala muka muranii soofaniifi albuuda warqee qotan karaa bishaaniirran bosona kanaatti akka seenan kaaftetti. Mootummaan biyyattii bosona sana paarkii biyyaleessaa gochuusaatti hawaasni naannicha jiraatan gammachuun simataniiru. Taaatullee lafa wayyuudha jedhan eeggachuun hawaasa Booraaf gaaffiif dhimma dhiyaatu akka hin taane ibsite. Liiz Chikajeen eegdootni bosona kanaa bobbaafamuuufi duulli barbaachisummaa sirnakkoo barsiisuu erga jalqabamee fooyya’iinsi baayyeen jiraachuu dubbatte. Liiz Chikajeen investimantii kallattii hawaasni ganamaa kun naannoosaanii akka eeganiif gargaarsi akka kennamuuf arguu barbaaddi. Liiz Chikajeen akka badhaafamtuu Gooldmaanitti dhaamsa dabarsitu qabaachuu wayita gaafatamte akkas jette: "Bosonaafi naannoorratti amanachuu itti fufaa, isatu dachee keenyaaf bu’uura," jette. Namoonni badhaasicha injifatan kan biroon ammoo lammiilee biyyoota Maalaawii, Veetinam, Jaappaan, Boosniyaafi Heerzigovinaa fi Ameerikaadha.
Jaarraa kudha shanaffaa yeroo lola 'War of the roses '' jedhamee beekamutti immoo abaaboon rooz mallattoo lolaa mootummaa Ingiliiz ture.
Lammii Israa'el gammoojjii Affaar keessa duute maaltu qunname? Ayaa Naamih lammiilee Israa'el jahaafi lammiilee Itoophiyaa lama waliin ta'un ture bakka ho'aafi lafa gadi-aanaa addunyaa keenyaa kan ta'e Naannoo Affaaritti kan argamu gara Danaakilitti kan imalte. Dubartiin umrii 22 kuni hiriyyoota ishee biraa baddee jennaan barbaadanii, duutees ishee argan. Ayaan leenjii barattoota injinaringii ji'a tokkoof turu qophaa'e irratti hirmaachuuf ture barattoota kaan waliin gara Itoophiyaa kan dhufte. Torban darbe gaafa Roobii leenjii isaanii xumuranii jennaan barattoota kaan waliin ta'uun gara Naannoo Affaar imaluun daawwachuuf kan kaayyeffatan. Garee kana waliin kan imalte lammiin Itoophiyaa Tsideenaa Abbaadii BBC'tti akka himtetti, dubartii duute argamte waliin gaafa Kamisa galgalaa waliin akka turaniifi ''naguma akka turte'' ibsiti. ''Namni hunduu imala kanaan gammadee ture,'' kan jettu Tsideenaan guyyaa itti aanus haroo Afdeeraa irratti daakaa akka turaniifi bashannanuu isaanii dubbatti. Sambata ganamas Ayaafi hiriyyoonni ishee gara lafa gadi-aanaa Danaakilitti imalanii sirriitti ilaaluuf muummee dhihoo jiruu ol yaaban. ''Fooliin keemikaala qabuufi haroo dhoo'insa volkaanoon uumame keessaa dhufuufi ho'a turen kanneen dadhabbiin itti dhagahame gara konkolaataa isaan fidetti deebi'anis kaan immoo imala itti fufani,'' jetti. Tsideenaan akka jettetti, barattoota dadhabanii deebi'an keessaa Ayaan tokkodha. Inumaa daftee deebi'uu eegalte jette. Boodarra Ayaan akka baddeefi barbaacha taasifameen kallattii biraan duutee akka argamte himti. Garuu, barattoota deebi'aa turan keessaa kan badde Ayaa qofaa osoo hintaane kaanis akka jiran himti. ''Hiriyyaa koo argadhee faana ishee gara konkolaataatti hangan deebi'utti anis badeen ture'' kan jettu Tsideenaan ''bakki isaa waan walfakkaatuf barun nama rakkisa ture,'' jechuun BBC'tti himte.
''Hiriyyaa koo argadhee faana ishee gara konkolaataatti hangan deebi'utti anis badeen ture'' kan jettu Tsideenaan ''bakki isaa waan walfakkaatuf barun nama rakkisa ture,'' jechuun BBC'tti himte. Ho'iifi fooliin bakkichaa dhagaa baqurraa ol bahu akka ishee dhukkubseefi ''waan duutu akka itti fakkaate'' yaadatti. Lammiin Israa'el baduun ishee erga beekamee booda jiraattonni naannichaafi poolisiin barbaacha taasisaniiru. Boodarras, dhaabbati Inshuraansii tokkos barbaacha irratti hirmaateera. Ayaan duutee kan argamte yoo ta'u, reeffis kaleessa gaafa Dilbataa xiyyaaraan gara Finfinneetti deebi'eera. Ayaan namni hundi kan jaalatuufi daftee namaan walbarti jechuun Tsideenaan ishee ibsiti. Lammiin Israa'el kuni maaliin akka lubbuun ishee darbe hanga ammaa wanti beekame hin jiru.
Meeksikootti konkolaataan fe'uumsaa garagalee yoo xiqqaate nama 53 ajjeese Kibba Meeksikootti konkolaataan fe'uumsaa namoota baqattoota Jiddugaleessa Ameerikaarraa akka ta'an yaadamu fe'ee osoo kaatuu gargalee lubbuu namoota 53 olii galaafate. Wayita konkolaataan kun gargalee riqichatti rukutamu, namootni 100 ol baqattoota jedhaman konkolaaticha keessatti walitti rukkanii ittiin deemaa tura. Suuraawwan bakka konkolaatichi itti kufetti kaafaman, miidhamtoonni naannawa konkolaatichaa faca'anii agarsiisa. Reeffi namootaas wanta adiin haguugamee mul'ata. Balaan kun kutaa biyyaa Chiyappaas jedhamutti kan qaqqabe yoo ta'u, namootni 58 qaama miidhamaniiru, isaan keessaa tokko tokko akka malee miidhaman jedhu aanga'aan kutaa biyyichaa tokko. Balaan kun Meeksikoo keessatti balaawwan tiraafikaa mudatan keessaa isa hamaadha jedhameera. Kanneen miidhaman daa'imman, dubartootaa fi dhiirota yoo ta'an lammummaan isaanii hin mirkanoofne. Haata'u malee aanga'ooti naannawa sanii namoonni midhaman hedduun biyyoota Hoonduraas fi Guwaatemaalaa irraati jedhu. Konkolaatichi ariitiin fiigaa akka turee fi marfataa dhiphaa irra yoo gahu garagalee riqicha warra lafootti akka rukutame gabaafame. Kutaan biyyaa Chiyappaas Guwaatemaalaa waliin ollaa yoo taatu, namoota seeraan ala gara Ameerikaa cehaniif, bakka itti haara galfatanii darbanidha. Baqattoonni kumaatamaan lakkaa'aman hiyyummaa fi hokkora baqachuun biyyoota jiddugaleessa Ameerikaa irraa gara Ameerikaa godaanan Meeksikoo keessa qaxxaamuru. Hedduun isaanii daddabarsitootaaf maallaqa kafalanii kan godaanan yoo ta'u, konkolaataa fe'uumsaa keessatti haala balaa qabuun walitti rukkanii fe'amuun karaa dheeraa deemu. Daangaan Ameerikaa fi Meeksikoo ammoo addunyarratti daangaa qaxxaamuruuf isa hamaadha jedha Dhaabbati Baqattootaa Idil-addunyaa (IOM).
Daangaan Ameerikaa fi Meeksikoo ammoo addunyarratti daangaa qaxxaamuruuf isa hamaadha jedha Dhaabbati Baqattootaa Idil-addunyaa (IOM). Bara kana qofa yoo xiqqaate namootni 650 ta'an osoo daangaa qaxxaamuruuf yaalanii lubbuu dhabaniiru akka IOM jedhutti. Daangaa qofarratti osoo hin taane achi gahuuf imala godhamurrattis lakkoofsi namoota lubbuu dhabanii baay'eedha garuu, san ragaa qabatamaa argachuun rakkisaadha jedhe.
Namticha miiliyoonota beelarraa baraare Jalqaba bara 1900 ture Kaatii fi Kaappii Joonis akkuma wal fuudhaniin US bulchiinsa konneektikat gadhiisuun suluula Yaaquyi kaaba biyya Meeksikootti imaluun jiruu qonnaa hojjachu kan eegalan. Bakkeen sunis lafa gogaafi dhukkeen beekamu yoo ta'u, daangaa Kibba Ariizonaa irraa fageenya kiilometira dhibba muraasa irratti argama. Abbaan warraan ishee Kaapiin bara 1931tti biraa duunaanis Kaatiin qophaatti achumatti hafte. Yeroo sanattis Ollaa haaraa argatte. Innis giddugaleessaa qo'annoo qonnaa suluula Yaaquhi ture. Gidduugalli kun kanaalii (yaa'aa bishaan) jallisi kan qabuu fi moora qalbii namaa hawwatu qaba. Iddoo kanatti loon fa'itu horsiifama, burtukaana fi wayiniitu biqila. Garuu bara 1945 keessa dallaan isaa irraa jigee aramaa fi hantuutatu dhaalu eegalee ture. Keetiinis oduu waa'ee dargaggeessa lammii US kaampii iddoo ibsaa ykn bishaan yaa'uu hin qabne diigamaa jiru kanatti gidduu gala qorannoo qonnaa hundeessee dhagahuun qorachuuf deemte. Achitti hundeessaan dhaabbata Rookfilar, Normaan Borlaag qamadii waagii dandamatu oomishu jalqabera. Iddoo inni jiraatu kanatti waqtii arfaasaa facaasuun, birraa sassabama. Normaan Borlaag midhaan qamadii waqtii fi haala qillensa baramaa garaagaraatti oomishuuf karoorse. Dhaabbatichi garuu eeyyama achitti hojjachuullee hin qabu ture. Maashinii fi deeggarsa dhabus, haadha warraasaa fi intalasaa fudhatee Meeksikootti qajeele. Kitaaba isaa keessatti Meeksikoo deemusaa akka dogoggora uumetti yaada turu barreessee ture. Haa ta'u malee, beela qolachuu keessatti dursa maqaan isaa kaafama. Bara 2002 Dallaas observer tti ''muka'uu hamaatu iddoo kanaa na qaqqabsisee' jechuun dubbate ture.
Bara 1968 ogeessi Baayoolojii Paawol Irilich jedhamu kitaaba maxxanse kessatti biyyoonni hiyyeeyyiin akka Indiyaa fi Paakistaan uummannisaanii saffisaan guddachaa turan hanqinni soorataa mudachuu akka danda'u barreesse ture. Bara 1970 keessa namootni miliyoona 100 tti lakka'aman beela'uu akka danda'an raage. Inrilich waan Noorman Boorlahog hojjatuu waan quba hin qabneef kan inni barreesse dogoggora ture. Noorman Boorlahog gosa qamadii kuma hedduu meeksikoo fi suluula Yaaquhi gidduutti sanyiisaanii ofeeggannoon oomishaa ture. Gatii dadhabbisaaf badhaasa noobeliis injifateera. Gosonni qamadii kun callaa fooyyee fi waagii dandamatu kennu garuu, daabboo tolchuuf hin ta'ani. Teeknoolojiin qaccee (DNA) sanyii qamadii adda baasu waggoota kudhanitti lakka'amu boodatti hafee eegalame. Sanyiin diqaalofamu fooyyee akka ta'aanis durse abdata ture. Hojii jabduu ture suuta gatii dadhabbisaati argate. Noorman Borlahog sanyii qamadii gabaabbattee callaa fooyyee kennitu fi waagii dandamattu haaraa gumaache ture. Yaalii dheeraa booda callaa akkatti guddisaan, hagam addan fageessuun akka facaasani fi xaa'oon hagamii akka barbaachisurratti yaali gaggeessera. Bara 1960 keessa addunyaarraa marsuun oduu kana labsee. Namoonni baayeen bara sanatti jijjirama fida jedhee hin eegne, bara sanatti hojii laaftuus hin turre. Daarektarri jaarmiyaa qorannoo Paakistaan''qamadii kana yaallee turre garuu, callaa xiqqaa argannee''jechuun dubbate. Jaarraa walakkaaf biyyatti keessatti heektara tokkoorraa qamadii 360kg hin caalleetu argama ture. Suuta suuta hojiin Noorman Boorlahog itti dadhabee gara biyyoota guddataa jiranittis babal'ate. Bara 1960 amma 2000 tti oomishni isaanis dachaa 3'n dabale.
Bara 1960 amma 2000 tti oomishni isaanis dachaa 3'n dabale. Ruuzii fi Boqqoolloorratti hojiin walfakkaatus hojjatame. Inirilich namni miliyoonatti lakka'amu akka beela'u raage, Noorman Boorlahogin immoo uummannii addunyaa dachaan dabaluus, oomishni midhaanii otoo hin hanqanne deeggare.
Uhuruu Keniyaataa ‘leegasii’ akkamii Keeniyaaf dabarse? Uhuruu Keeniyaattaa bara 2013 irraa kaasee marsaa lamaaf pirezidantii Keeniyaa ta’uun tajaajileera. Bara 2017 yeroo marsaa lammaffaaf aangootti deebi’e, biyyattiin sabaafi naannootti qoodamtee turte. Yeroo sanatti morkatasaa kan ture Raayilaa Odiingaa waliin walii galuu baannaan hojii hojachuun itti ulfaata ilaalchi jedhu baayyatee ture. Kan yaadatamuu qabu garuu ilaalchi kun erga bu’aa filannoo pirezidaantii kan Uhuruun mo’ate, Raayilaan bu’aa kana falmuun oliyyannoo mana murtii olaanatti dhiheffateen booda. Haata’u malee, erga manni murtii olaanaa injifachuu Pirezidant Keeniyaataa kuffisee filannoon biraa akka gaggeeffamu ajajee, Raayilaan lamaffaa irrattis hin milkoofne. Waldhabdee ture sirreessuudhaan waliigalteen araaraa (Building Bridges Initiative (BBI)) jedhamu jalqaban. Bitootessa 9, 2018 Uhuruu Keeniyaataafi Raayilaa Odiingaa harka wal fudhudhuun wal dhibdee uumamee tureefi jeequmsa ture dhaaban. Wal dhageettiin isaanii ammoo abdii nagaafi tasgabbii tahe jechuun sadarkaa biyyattiifi idil-addunyaattillee gammachuu guddaa uumuun akka seenatti ilaalamaa ture. Gama kaanin garuu, pirezidantiin itti aanaa Keeniyaa Wiiliyaam Ruutoo harka wal fudhuun isaanii shira aangoorraa na kaasuuf jedhanii godhan jechuun wal qoodinsi paartii Jubilii keessatti akka uumamu ta’eera. Akka Ruutoon jedhetti, waldhageetiin isaanii akka inni bara 2022 hin dorgomne taasisuuf kan tolfamedha. Uhuruu fi Raayilaa gaafas mormanii turan- garuu Ruutoon maatii abbootii qabeenyaati bara baraan Keeniyaa bulchuu fedha jechuun maatii Keeniyataa, Odiingaa fi Mooyiirratti duula cimaa geggeessaa ture. Kan nama ajaaʼibsiisu garuu, haalli siyaasaafi hariiroon isaanii gara jibbatti jijjiiramuun mul’ate.
Dhugaan jirtu ammoo, waliigalteen araaraa (BBI) yaadaa Uhuruu Keeniyataa ture. Gaafiin jirtu garuu, namoonni gaafas yaadicha deeggaran itti qophaa’anii turanii? Namoonni garii ammoo hundeen waldhibdee Pirezidaant Uhuruu fi itti-aanaa isaa Wiiliyaam Ruutoo yaadaa BBI kana ta’uu amanan. Akkuma taphaatti waldhibdeen Uhuruu fi Ruutoo giddutti uumamte, paartiin Jubilii kan aangootti isaan fiduuf gaʼee guddaa qabdu diigamte. Kana hordofee, Uhuruu Keeniyaataa fi Ruutoon dubbii walitti darbuu eegalan. Walitti dhufeenyisaanii kan siyaasaa daranuu hammaate. Waldhibdeensaani kun alatti bahuun uumanni hordofaa ture. Fakkeenya, Uhuruun sanada Heera Mootummaa jijjiiru deeggara ture, itti-aanaansaa garuu gowwoomsaa duraan biyyattii keessatti hin beekamne jechuun qeeqaa ture. Muddamnisaanii akkuma itti fufeen, haalli hammachaa dhufee filannoo Hagayya 9, 2022 geggeeffamerratti Uhuruu Keniyaataa Ruutoo mormudhaan duraan morkataa isaa kan ture kaadhimamaa paartii Azimio La Umoja kan ta’e Raayilaa Odiingaa deeggare . Eegii gaafasii lamaanuu karaa garaagar baafatan. Ruutoon paartii Jubilii kan aangootti isaan fide qeeqaa ture. Kufaatii dinagdeefi qaala’insa jireenya dabalatee yeroo rakkoon mootummaa keessatti uumamtu, aangoorra kan jiru Uhuruu Keeniyaataatu sababa jechuun Ruutoon komii ofirra baasaa ture. Uhuruu Keeniyaataa gama kaanin, itti gaafatamummaasaa dhiisee biyyattii keessa iyyaa deema jechuun itti-aanaasaa komachaa ture. Uhuruu Keeniyaataa Raayila Odiingaa deeggaruun hawaasa Kikuyu biratti akkamitti fudhatame? Hawaasni Kikuyuu biyyattii keessatti lakoofsaan kan baayyatan yoo tahan, pirezidaant Uhuruun Ruutoo dhiisee Raayilaa deeggarurratti ilaalcha adda adda namoonni qaban turan. Sababnisaa Kikuyuun akka hogganaa siyaasatti Uhuruu ilaala turte.
Ilma keenna jechuun manguddoosaanii maqaa jaalala baafteef. Garuu BBCn gaafa naannoo Maawunt Keeniyaa Nyeeritti imale, siyaasaa jibbiinsaa dhabamsiisee tokkummaan sabootaa sababa Raayilaa Odiingaa deeggareef Uhuruun amanamumma isaan biraa dhabuu hubate. Kuni bu’aa filannoo kanarratti kan hubatameedha jedhama. Buufata filannoo pirezidaant Uhuruu dabalatee sabni Kikuyuu irra caalaan Wiiliyaam Ruutoof sagalee kennan. Ogeessi seeraa Wahome Gikonyo jedhamu, taatee sana booda Ruutoon akka ganameeru isatti dhagaʼama. Uhuruu Keeniyaataan ammoo aangootti deebi’uuf Ruutoon ga’ee guddaa qaba jedha. “Filannoo bara 2013 fi 2017rratti Ruutoon akka harreetti hojate. Isa malee, Uhuruun pirezidaantii hin ta’u ture. Galata galchuufii male,” jechuun BBCtti dubbate. Jiraattonni garii ammoo, Uhuruu Keeniyaataa nama isaa bakka bu’uu barbaaduun irra hin ture jedhan. Si’a lammaffaa bulchiinsasaanii (2017-2022), mootummaan Uhuruufi Ruutoo tarsiimoo misoomaafi diinagdee afur irratti xiyyeeffatanii turan. Kunneen wabii nyaataa, ijaarsaa manneen hawaasaa, fayyaa hawaasaafi caarraa hojii uumuudha. Kanatti fayyadamuun, mootummaan diinagdee guddisuu fi jireenya lammileesaa jijjiruu barbaade. Tarsiimoon bulchiinsasaa milkeessuuf jiraatus, rakkowwan hedduti mootummaa Uhuruu mudatee ture. Hoj-dhabdummaa Akka gabaasa BBCtti, lammilee Keeniyaa miliyoona 50 keessaa harka sadii kan ta’an namoota umrii waggaa 18 fi 35 gidduu jiranidha. Dandeettii hojii qabaatanis, hedduunsaanii garuu hojii ofiisaaniifi maatiisaanii gargaaraniin hin qaban. Daldaloonni sektaroota akka oomishaafi qonnaa weerara Koovid-19n miidhamuun namoota hojiirra ariʼaa turan. Liqii garmalee guddaa Haalli dinagdee biyyattii keessatti rakkisaa taʼe kana akka sababaatti kan ilaalamu liqii guddaa biyyattiin qabduudha.
Dhuma bara darbeetti liqiin biyyattii doolarii biliyyoona 72.6 ture. Akkas jechuun lammiin Keeniyaa tokko liqii doolarii 1,470 qaba jechuudha. Gaafa Uhuruu Keeniyaataa bara 2013 aangootti dhufe garuu liqiin lammiin tokko qabu doolarii 499 ture. Pirezidaant Uhuruun liqii doolarii biliyyoona 56.7 fudhachuun pirezidantootasaa isa dursan caalaa fudhateera. Kibakiin liqii doolarii biliyyoona 13.5 fudhate, Mooyiin ammoo doolarii biliyyoona 8 fudhate. Liqiin fudhatame kun bu’uuraawwan misoomaa qaalii ta’an kan jireenya namoota hin fooyyessin irratti fayyadamuu xinxaltoonni ibsan. Qaala’insa jireenyaa Filannoon yeroo biyyattiin haala dinagdee rakkisaa taʼe keessa jirtutti geggeeffame. Waxabajji bara 2022, qaala'insa jireenyaa dhibbeentaa 7.9 ture. Bara darbe yeroo akkasii (bara 2021) garuu dhibbeentaa 6.3 ture. Akka Biiroon Istaatistiksii Biyyaalessaa argisiisetti, kan Hagayya bara 2017 mudateen ala dhibbeentaan kun biyyattii keessatti argamee hin beekuu. Gatiin nyaataafi meeshalee bu’uuraa garmalee ol ka’ee jira. Nyaanni gatiinsaanii baay’ee ol ka’e zayitii, qamadii, daakuu boqqolloofi daabboo fa'e. Torbee lama filannoo duratti, mootummaan Uhuruu deeggarsa kennuun gatii daakuu boqqolloo gad buusee ture, garuu daakuun sun hin argamtu jechuun lammileen biyyattii komii dhiheesaa turan. Garuu deeggarsi kun amma dhaabbachuun, gatiin bakka duritti deebiteera. Fayyaa Biyyattii keessatti namoonni dhibbeentaa 20 inshuraansii fayyaa biyyaalessaa (NHIF)n kan deeggaraman yoo tahan, dhibbeentaa 1 tajaalila dhuunfaa kaffaluu danda’uutu himama. Ammaatti NHIF kanatti makamuun dirqama miti garuu yoo pirezidaantiin haaraan karoora bulchiinsa Uhuruu Keeniyaataa itti fufee jijjiramuuf deema.
Ammaatti NHIF kanatti makamuun dirqama miti garuu yoo pirezidaantiin haaraan karoora bulchiinsa Uhuruu Keeniyaataa itti fufee jijjiramuuf deema. Namoonni hojii qaban hedduun minseensoota NHIF tahun kaffaltii baasan. Shilingiin 500 (doolarii 4.20) kan ji’atti minseensonni kaffalan yaalii fayyaasaaniifi kan maatiisaanii gaha- garuu qoricha bituun maallaqa biraa gaafata. Karoorri miseensa NHIF ta’uu dirqama godhu jiraatus, namoonni miindaa xinnoo argatan akkamiin kaffaluu danda’an kan jedhu wanti ibsame hin jiru. Garuu karoorri Pirezidaantiin haaraa Wiiliyaam Ruutoo rakkoo fayyaa furuudha. Duula na fildhaarratti, kaffaltii ji’a 500 irra hanga 300 gadi buusuuf waadaa galee ture. Gama kaanin garuu, mootummaan Uhuruu Keeniyataa kan barri aangoo isaa xumurame bu’uuraawwan misoomaa kan akka daandiifi bishaanii argamsiisuun dhaadata. Fakkeenyi misooma kanaa, baabura magaalaa Naayirobiifi Mombaasaa walitti fidu, daandii guddaa buufata xiyyaaraa biyyattii(JKIA) irra magaala Naayirobii seenuufi daandiwwan hedduu naannoowwan garaa garaa wal qunnamsiisanidha.
Daldalaa lukkuu duraanii amma pirezidantummaa Keeniyaaf dorgomaa jiru Wiiliyaam Ruuttoo yeroo ammaa ittaanaa pirezidaantii Keeniyaa yoo ta'u, filannoo ji'a lamaan booda gaggeeffamuuf pirezidaantummaaf dorgomaa jira. Haalli inni daa'imummaan keessa darbes kan jireenya iyyeessota Keeniyaa hedduu fakkaata. Jalqaba miila qullaa mana barnootaa kan seenee Ruuttoon, yeroo jalqabaatiif kophee kan kaawwate umurii waggaa 15tti. Akkasumas, qarqara daandii Riifti Vaalii keessaatti lukkuufi acholoonii gurguraa ture. Kanaaf, duula na fidhallaa filannoo pirezidaantummaa Hagayya 9 gaggeeffamu keessatti akka nama iyyeessaaf dhaabbatuutti of ibsuun isaa kan nama ajaa'ibu hin ta'u. Ruuttoon filannicha keessatti dhaadannoo 'Kenya Kwanza (Dursi Keenyaaf) jechuun guddina diinagdee fiduuf waadaa seeneera. Keeniyaa keessatti dargaggoonni umuriin isaanii waggaa 18 fi 34 jidduutti argamuufi hojii hin qabne %40 ta'a. Haalli diinagdee biyyattii ammaa dargaggoota kuma 800 waggaa waggaan itti dabalamuuf carraa hojii uumuu hin dandeenye. Kanaaf, Ruuttoon haala kanaan jijjiira jechuun dhaadataa jira. Ruuttoo diinagdeedhaaf adeemsa dakarraa gara gubbaa (bottom-up) jedhu waadaa seenee. Lammiilee haalli jireenyaa sababii koronaavaayirasiifi waraana Yukireeniin dabalaa jiru itti cime akka gargaaru waadaa galeera. Kunis pirezidaantii umuriin waggaa 55'f hojii jalqabaa ta'a. Carraan akka sirratuuf hawwa. Bara 1997tti yeroo jalqabaatiif Bulchiinsa Kaabaa Eldooreetitti miseensa mana-maree ta'uuf dorgomee yaaliidhuma isaa jalqabaatiin filatame. Ruuttoon bara 1992tti siyaasatti makame. Yeroo sanattis pirezidaantii Keeniyaa kan turan Daani'eel Araaf Mooy irraa gorsa akka argatan himama.
Tibba tokkottis miseensa Paartii Kaanuu dargaggootaan guutame, kan Araaf Mooyitti makamee ture. Baruma walfakkaatu keessas ummanni filannoo sab-danneessa yeroo jalqabaatiif biyyatiitti gaggeeffamee ture keessatti akka hirmaataniif namoota hojjetan keessaa tokko ture. Nama dubbii beekuu akka ta'e himamaaf. Sababii kanaatinis hiriira deeggarsaa irratti namoota heddun ni bahuuf. Gaaffiilee miidiyaaleetiif haalli deebii itti kennunis nama dubbii kan beekuu ta'u mirkanneesseera. Yeroo baayyees ''hirriyaakoo'' jechuun dubbachuu jaalata. Kunis ummata filatu waliin walitti dhufeenya gaarii ummachuufi qalbii qeeqxootaa hawwachuuf isa gargaareera. Haala hirmaannaa geeddaruu Ministirummaa barnootaa dabalatee aangoowwan ministirummaa adda addaa irras turan. Erga bara 2013 as ammoo ittaanaa pirezidaanti ta'uun tajaajilaa jiru. Ruuttoon filannoo yeroo sanaatiin baayyee naasisee ture. Sababiin isaas, pirezidaantii biyyattii Uhuruu Keeniyaataa waliin ittaanaa ta'uun filatamuu isaati. Filannoo isa duraatiin Keeniyaataafi Ruuttoon dorgomtoota waliin turan. Lammiileen Keeniyaa filannoo bara 2007 hin dagatan. Filannoo baayyee wal falmisiisaa ta'ee gaggeeffamee ture hordofees, namoonni gara 1,200 ta'an ajjeefamanii ture. Ruuttoofi Keeniyaataanis sababii yakka namoomaa raawwatameetiin himannaan mana murtii yakka idil-addunyaa irratti banamee ture. Ruuttoon yeroo sana dorgomaa mormotaa kan turan Raayilaa Odiingaa waliin hiriiree ture. Amma garuu Ruuttoofi Odiingaan faallaa walii dhaabbachuun pirezidaantummaaf falmu. Keeniyaataan ammoo Pirezidaanti Miwaay Kiibaakii yeroo lammaffaaf akka filatamaniif deeggaranii ture. Jarreen lamaanis wayita gara aangootti bahanitti qindoomiinni isaanii bu'aa qabeessa ture. Walitti dhufeenya jaalala cimaa fakaatus uumatanii ture.
Waliin ta'unis himannaa ICC ofirraa ittisuu danda'anii ture. Abbaan alangaas himannaa bara 2014tti pirezidaanti Keeniyaataa irratti banee ture adda kute. Akkasumas, abbootiin seeraa himannaa Ruuttoo irratti banamee ture bara 2016tti dhaaban. Haata'u malee, walitti dhufenayi isaanii kun itti hin fufne. Keeniyaataan bara 2018tti jijjirama adeemsaa haaraan gadi bahan. Odiingaa waliin haraaraman. Ruuttoo garuu dugda itti garagalfatan. Kana malees, Keeniyaataan filannoo Hagaya dhufaa gaggeeffamuun Odiingaan akka aangoosaa dhaaluuf ifatti deegarsa taasisan. Kunis abdii Ruutoo irratti kaaddiduu uumee. Deeggartoonni pirezidaantichaas Ruutoon hogganaa isaatiif hin abbomamu jechuun himatu. Ruutoon garuu himannicha hin fudhatu. Haata'u malee, isaafi pirezidaanticha jidduu 'haala siyaasa itti ilaalan irratti garaagarummaan' waan jiruuf wal diddaan jiraachuu hin haalle. Garaa garummaan jidduu isaanii jiraatulleen sababii heerri biyyattii mirgasaa eeguuf hanga ammaatti aangoo ittaanaa pirezidaantummaa akkuma qabatanitti jiru. Siyaasa Keeniyaa keessatti sabni gahee olaanaa qaba. Ruutoon baayyinaan sadaffaa kan ta'an saba Kaalaanjii irraa dhufe. Kaalaanjii irraa pirezidaantii tokko qofatu biyya bulche. Isaanis kan biyyattii bara dheeraaf bulchan Araaf Mooy turan. Ruutoon Raacheel waliin gaa'ela dhaabbataniiru. Yeroo jalqabaatiif kan wal baranis sagantaa waldaa dargaggootaa irratti ture. Ijoollee jahas godhataniiru. Ilimmi isaa angafaa Niik jaarsoolii Kaaleenjiitiin eebbifamunaa, ittigaafatamummaa siyaasaatiif kaadhimamaa jira tilmaamni jedhu akka jiraatu taasiseera. Intalli isaa Juun ammoo ministeera dhimma alaa keessatti miindeeffamte hojjatti. Aab Ruutoon qonnaqadhaaf jaalala olaanaa qabu. Kanaafu omisha boqqoolloo, aannaniif horsiisa lukkuu irratti hirmaataniiru.
Kanaafu omisha boqqoolloo, aannaniif horsiisa lukkuu irratti hirmaataniiru. Gara lixaafi naannoolee baadiyaa biyyatii keessa maqaasaatiin lafa bal'aatu jira. Gama indastirii keessummeessutiinis invastimanii gaggeessaa jiru. Ruutoo malaammaltummaa motummaa waliinis maqaan isaa irra deddebiin ka'a. Kanaan wal qabatees madda qabeenyaa isaarratti gaaffiin ni ka'a. Bara 2013 murtee mana murtii olaanaa biyyatiitiin lafa qonnaa heektaara 40 akka deebiisu murtaa'eera. Qonnaan bulaa hokkara filannoo bara 2007 booda lafa irra fudhateefis beenyaa akka kanfalu itti murtaa'era.
Keeniyaatti matta'aan filattootaaf kennamu hanqina nootii qarshii uume Baankota Keeniyaa keessatti hanqinni nootii shilingii biyyattii abba 100 fi 200 mudachuu ministirri biyyattii himan. Kunis kan ta'eef sababa matta'aa filattootaaf kaffamuuni jedhan. Filannoo biyyaalessaa torbanoota booda raawwatuuf dorgomtoonni qarshii callaa (cash) filattootaaf kaffalu. "Namoota maallaqa korojootti baatanii, lammiilee hiriira galaniif kaffalan agarta, shilingii 200 kennuuf," jedhan ministirri dhimma keessoo Fireed Maatiyaangii AFPtti yoo dubbatan. "Namoonni hojjechaa hin jiran. Cal jedhanii daandii qarqara dhaabbatanii namoota maallaqa seeraan alaa gara seera qabeessatti jijjiiran irraa shilingii 200 eeggatu" jedhan. Namoonni yakka diinagdee keessaa harka qaban haala kanaan qarshii seeraan alaatiin sagalee kan bitatan yoo ta'e, paarlaamaan biyyattii itti aanu harka namoota kanaa keessatti kufuu mala jechuunis ministirichi akeekkachiisan. Kun qabsoo malaammaltummaa irratti godhamus ni danqa jedhan. Kana kan jedhan walgahii maallaqa seeraan alaa seera qabeessatti deebisuu (money laundering) fi shororkeessummaa maallaqaan deeggaruu (terrorism financing) ittisuuf qophaa'e irratti yoo dubbatanidha. Namoonni maallaqa seeraan alaa gara seera qabeessaatti jijjiiran akkasumas qarshii sobaa daddabarsan yoo filataman, itti gaafatamummaa jalaa bahuuf jecha seera biyyattiirraan dhiibbaa geessisuu danda'u jedhan. Filannoon Keeniyaa yeroo hedduu imaammata ykn yaadama siyaas-diinagdee irratti osoo hin taane eenyumma namoota dhuunfaa fi maallaqa irratti bu'uureffata. Kan bara kanaas sanirraa adda miti. Hagayya 09 lammileen Keeniyaa pireezidantii, paarlaamaa fi bulchitoota kutaalee biyyaa haaraa filatu. Matta'aa filattootaaf kennamu dabalatee maallaqi duula na filadhaaf bahaa jiru guddaa yoo ta'u, maddi maallaqa kanaa gaaffii kaasaa jira.
Matta'aa filattootaaf kennamu dabalatee maallaqi duula na filadhaaf bahaa jiru guddaa yoo ta'u, maddi maallaqa kanaa gaaffii kaasaa jira. Ogeeyyiin akka jedhanitti namoonni maallaqa seeraan alaa gara seera qabeessaatti jijjiiranifi yakkamtoonni sirna to'annoo biyyattii laafaa ta'etti fayyadamuun duula na filadhaa namoota siyaasaa deeggaraa jiru jedhu. Kun ammoo amanamummaa filannoo Hagayyaa irratti gamanumaan gaaffi kaasaa jira. Waliin dhahuu fi maallaqni sobaa yakka maallaqaa gurguddaa Keeniyaa keessati raawwataman ta'uu gabaasni Roobii bahe ni mul'isa.
Filannoo pireezidaantummaa Hagayya dhufuu irratti pireezidant Uhuuruu waliin michooma kan tolfatan Raayilaa Odiingaam, pireezidantii itti aanaa ammaa Wiiliyaam Ruutoo waliin dorgomu.
Oomisha avokaadoo Keeniyaa qalbii warra gurmaa'anii saaman hawwachaa jira Keeniyaa keessatti hojiin daldala omisha avokaadoo qalbii garee warra gurmaa'anii yakka raawwatanii hawwataa jira. Oomishi muka avokaadoo tokkorraa argamu waggaatti hanga doolaara Ameerikaa 600 argamsiisa. Fedhiin avokaadoo gabaawwan Awurooppaa fi Ameerikaa irratti akkaan dabaluu hordofee Keeniyaan oomisha avokaadoo irratti xiyyeeffatteetti. Keeniyaan bara darbe biyya oomisha avokaadoon sadarkaa jalqabaarra turte Afrikaa Kibbaa caaluun, Afrikaa keessaa avokaadoo biyya oomisha avokaadoon tokkoffaarra jirtu taateetti. Muka avokaadoof maqaa ''worqee magariisa'' jedhu kan kennite Keeniyaan, qonnaan bultoonni biyyattii oomisha kana garee gurmaa'anii yakka raawwatan irraa ittisuuf jecha humna nageenyaa mataasaanii hundeessuun eegumsa taasisaa jiru. Keeniyaa,Giddugala oomisha avookaadoo Muraangaatti xiqqoo aduun dhiinaan dargaggoonni hidhannoosaanii guuttatanii eegumsaaf ba'u. Hattoonni humnaa ol kan itti ta'an dargaggoonni kunneen ulee, gajaraa fi waan qaban hunda qabachuun ofirraa eegu. Dargaggoonni kunneen oomisha avokaadoo akka eeganiif kan qacaran warra qabeenyaati. Hoji balaafamaa kan hojjetan dargaggoonni kunneen, yeroo baayyee miidhaan isaanirra ga'a, kan lubbuu dhabanis jiru. Qonnaan bultoonni humna kana kan ijaarre jaallannee osoo hin taane dirqamneeti jedhan. Gareen qindaa'anii avokaadoo saamuuf halkan halkan bobba'an lakkoofsi isaanii guyyuu dabalaa jiraachuu himan qonnaan bultoonni kunneen. ''Lubbuu keenya oollfachuuf kana goona. Kan nama gaddisiisu ammoo nuti namoota kunneen ofirraa qolachuuf jecha du'aa jiraachuu keenya,'' jedhe qonnaan bulaan tokko. Lafa iskuweer meetirii kuma lama irratti avokaadoo kan oomishu qonnaan bulaan kun, ooyiruusaa xiqqoo kanatti mooraa ijaaruun eegumsa gochaa jiraachuu hima.
Lafa iskuweer meetirii kuma lama irratti avokaadoo kan oomishu qonnaan bulaan kun, ooyiruusaa xiqqoo kanatti mooraa ijaaruun eegumsa gochaa jiraachuu hima. ''Oomisha nuti waggaa guutuu itti dadhabnee kunuunsaa baane wayita inni ija godhatee walitti qabuuf ga'u hattoonni guyyaa tokkotti dhufanii hunda saamanii deemu,'' jechuun rakkocha hagam hammaataa akka ta'e hima. ''Mooraa hagam cimaa ta'e yoo ijaartellee utaalanii seenu, yookiin cabsanii saamu,,'' jedhe qonnaanbulaa kan biraan. Qonnaan bulaan kun rakkoon kun qonnaan bultoota hunda bira akka hin geenye sodaata, namoonni hedduun kanneen avokaadoo oomishan jala galuun hojjetanii jireenyasaanii gaggeessu, kaan ammoo ooyiruu xiqqoollee taatu kan mataasaanii oomishanii ittiin jiraatu. ''Yoo nuti battalaaf dagannee hirriiba rafne, maatiin keenya waan afaan kaayyatan dhaban jechuudha,'' jedha. Keeniyaa keessatti oomishi avokaadoo kan walitti qabamu Guraandhala irraa eegalee hanga Onkoloolessaatti yoo ta'u, hattoonni garuu osoo sirriitti hin ga'in dheedhiisaa guuranii rakasa gurguratu. Mootummaan Keeniyaa rakkoo kana furuuf jecha Sadaasa irraa hanga Muddeetti oomishi avokaadoo gara alaati akka hin ergamne dhorkee ture. Ta'us garuu seerri kun hagas mara hojiirra hin oolle, gareewwan yakkaa qindaa'an kunneen jalaa ba'uuf jecha oomishtoonni avokaadoo yeroon osoo hin ga'in oomishasaanii walitti qabuuf dirqamaniiru. Ministeerri Daldalaa Keeniyaa akka jedhutti, oomishtoonni avokaadoo bara darbe qofa doolaara Ameerikaa miiliyoona 132 galchaniiru.
Mohaammad Saalah tapha Dilbataa irratti sadii galchuun riikardii baay'ina galchii taphataa Afrikaan Pirimiyeer Liigii irratti galmaa'e cabseera.
Hojjettuun dhaabbata gargaarsaa Xaaliyaan bara 2018 Keeniyaatti butamte biyyasheetti deebite Hojjettuun lammii Xaaliyaan dhaabbata gargaarsaa keessa hojjettu kun Silviyaa Romaanoo jedhamti. Umuriin shamarree kanaa ganna 25 yoo ta'u, bara 2018 keessa ture al-Shabaabiin Keeniyaarraa butamtee Somaaliyaa bakka itti geeffamte keessatti Sanbata darbe opereeshinii tajaajila tikaa Xaaliyaaniin taasifameen bilisa baate. Hojjettuun dhaabbata gargaarsaa kun Sadaasa bara 2018 butamtee baatii 18f harka warra ishee butanii erga turteen booda, Sanbata akkuma bilisa baateen gara biyyshee Xaaliyaan geeffamteetti. Akkuma magaalaa gudditti Xaaliyaan Room geesseenis Silviyaa Romaanoon, maatiiwwan ishee, obboleettiisheefi ministira muummee Xaaliyaan, akkasumas ministira dhimma alaatiin simatamteetti. Akka gabaasaaleen jedhanitti shamarreen kun Sanbata darbe ture harka shakkamtoota garee warra leellistoota Islaamaa al-Shabaab keessaa qarqara magaalaa guddittii Somaaliyaa, Moqaadishootti kan bilisa baate. Akka isheen nagaan bilisa baatu gochuu keessatti tajaajilli tikaa Xaaliyaan humnootii nageenyaa Tarkiifi Somaaliyaatiin deggeramaa ture. Shamarree butamtee ji'a 18f turte kanaaf garuu qaamni ifatti itti gaafatamummaa fudhate hin jiru. Amajji bara 2019, al-Shababaa kan Somaaliyaa keessa maannefatee jiru haleellaa hoteelaafi waajira magaalaa Keeniyaa, Naayiroobii keessatti gaggeeffamee lubbuu namoota 21 galaafatee duuba akka jiru himatee turuun isaa ni yaadatama. Sanbata darbe akkuma buufata xiyyaaraa Room jiru Siyaampinoo geesseen, "qaamaanis ta'e samuudhaan" fayyummaatu natti dhaga'ama jette Silviyaa Romaanoon. Namoota tajaajila tikaa Xaaliyaan keessaa ta'an maaskii uffatanii waliin deeman osoo gaggeessaa jiranii mul'atte. Kana gidduumaan abbaan ishee Enzoon akkas jedhan: "gammachuudhaan akkan ta'u wallaale."
Kana gidduumaan abbaan ishee Enzoon akkas jedhan: "gammachuudhaan akkan ta'u wallaale." Bilisa baatee deebi'uu shamarree kanaa namoonni qe'ee ishee Milaan keessa jiran bilbila Bataskaanaa dhageessisuun ulaa ulaa balbala isaaniirra dhaabbachuudhaan gammachuu isaanii ibsataa turan. Shamarreen kun dhaabbata tola-ooltumaa Xaaliyaan Afrikaa Mileelee Olnuus jedhamuuf hojjechaa turte. Bara 2018 Kibba-baha Keeniyaatti Kaawontii Kiliif keessatti hoteela baadiyyaa tokko keessaa hidhattootaan butamte. Dhumarratti gara Somaaliyaa akka geeffamte amanama. Yeroo sanatti poolisiin Keeniyaa nama Silviyaa Romaanoo arguu keessatti gargaareef badhaasa dolaara 10,000 akka kennu waadaa galee ture. Silviyoo Romaanoo erga butiiwwan hedduu bara 2011 keessa Keeniyaatti raawwatamuun turiizimii biyyattiidhaaf gufuu ta'ee booda lammii biyya alaa butamte kan jalqabaa taateetti. Ebla bara 2019 keessa, doktaroonni Kuubaa lama kaaba-baha Keeniyaatti fudhatamanii, gara Somaaliyaatti akka geefaman amanama. Bara 2011 keessa rozoortii odola keessa jirtu tokko keessaatti gocha lammii Biriitish tokkoo ajjeesuun haadha warraa isaa butuun al-Shabaab itti gaafatamummaa fudhatee ture. Baruma sana torban uraasaan booda, dubartiin Firench qaama hir'uu taate tokko mana ishee odolawwan Laamuu irra jiran keessaa butametee booda harka warra ishee butaniitti akka duute gabaafamee ture. Baruma kana keessa hojjetoonni dhaabbata gargaarsaa Ispeen lama shakkamtoota hidhattoota warra jihaaddistittiin buufata baqattootaa Dadab gama qarqara Somaaliyaatiin jirurraa butamanii turan. Hojjetoonni gargaarsaa kunneen ji'oota 21 booda bilisa bahan.
Aangoon bulchiinsaa Kaawuntii Naayiroobii maaliif harka pirezidaantii biyyattii gale? Pirezidaantiin Keeniyaa Uhuruu Keeniyaataan aangoo bulchiinsaa Kaawuntii Naayiroobii of harka galchan. Bulchaan Kaawuntii Naayiroobii wayita aangoo dabarsanii kennan walii galtee mallatteessaniiti. Walii galteen kun seena qabeessa jedhan pirezidaanti Keeniyaataan. Mootummaan biyyaalessaafi bulchiinsi kaawuntii walii galteedhaan akka aangoo bulchiinsaa walitti dabarsan seerri biyyattii ni hayyama. Bulchaan Kaawuntii Naayiroobii Maayik Soonkoo dameewwan fayyaa, hawaasummaa, geejjibaafi karooraa dabarsanii kan pirezidaantii biyyattiitti kennan masaraa mootummaa keessatti mallattoodhaan mirkaneessanii ture. Maayik Soonkoon yakka malaammaltummaan kan himataman yoo ta'u, hanga dhimmi isaanii ilaalamee gar tokkotti ba'anitti hojii irraa dhorkamaniiru. Qondaalli kun firootaafi michuusaanii ofitti qabuu, dookumantii sobaa qopheessuun hojii waliin dhahuufi maallaqa mootummaan ramadu garmalee fayyadamuudhaan himataman. Haata'u malee yakkoota ittiin himataman kana hunda haalaniiru. Misensonni mana maree Kaawuntii Naayiroobii himata qondaala kana aangoorraa buqqisuuf gaggeeffamu irratti yaadasaanii kennuuf jedhu. Adeemsi himata qondaala kana aangoorraa buqqisuu torbee darbe sadarkaa kaawuntiitti eegalamee ture. Mootummaan biyyaalessaa aangoo mootummaa Kaawuntii Naayiroobii irraa fudhachuuf walii galteen mallattaa'e qeeqameera. Namoonni hedduun kun heera mootummaa kan faallessuudha jechuun komatan. Abbaan seeraa biyyattii tokko tarkaanfiin kun fudhatamuusaan dura hawaasaafi bulchiinsa Kaawuntii Naayiroobii waliin mari'atamuutu irra ture jechuun barruu Keeniyaa Star jedhamutti himaniiru. Dursaan Seeneetii Kipchumba Murkomen dabarsi aangoo bulchiinsaa kun xiyyeeffannaa waan barbaaduuf yaadi namoota hedduu itti kennamuu qaba jedhan. Kanaafis yaa'iin Paarlaamaa biyyattii gaggeffamuu akka qabu eeran.
Kanaafis yaa'iin Paarlaamaa biyyattii gaggeffamuu akka qabu eeran.
Barattuu Almaaz Darrasaan bara 2019 lammiilee Afrikaa abdii namatti horan keessaa tokko taate Bara kana Afrikaa keessatti namoonni muraasni waan lammiilee Afrikaa hedduu kakaasu hojjataniiru. Nutis seenaa barsiisaa sadarkaa addunyaatti badhaafame, barataa, Abukaatoo, garee muuziqaafi xiinxalaa kan gama isaaniitiin bara 2019 keessa namoota hedduu biraa kakaasee irra deebinee ilaalleerra. Obboleessa Piitar Taabichii Barsiisaan Keeniyaa barsiisaa cimaa addunyaa jedhamuun eega badhaasasaa Dubaayitti fudhateen booda yeroo gara biyyasaatti deebi'u barattootaan simannaan gootaa taasifameeraaf. Piitar ji'a Sadaasa keessa sadarkaa idil addunyaatti badhaasa guddaa argate. Molokseen Firaansiskaan barsiisaa Herregaafi Fiiziksii yoo ta'u; mindaasaa gara caalu barattoota sadarkaa lammaffaa baadiyaa kaawuntii Naakuuruu jiran gargaaruuf oolcha. Baricha yaadachuun Obboleessi Taabichii BBC'tti akka himtetti badhaasichi "ragaa qabatama kan dargaggeeyyiin Afriikaa addunyaa keenna jijjiiruuf humna guutuu akka qaban kan agarsiisuudha." Dabalataanis seenaan isaa namoota hedduu akka kakaaseefi "barsiisoonni barnootaan hawaasa jijjiiruun gahee ol'aanaa taphachuu danda'u," jedha. Obboleessi Taabichiin barattoota isaa keessumaayyuu barattoonni shamarranii saayinsii keessatti hedduminnaan akka hirmaataan gargaara. Almaaz Darrasa Almaaz Darrasa qormaata kutaa 10'ffaa ishee qoramuuf wanti ishee dhorku waan jiru hin fakkaatu. Ji'a Waxabajjii keessa osoo qormaanni jalqabaa eegaluuf jedhuu dahuumsaaf deemte. Mucaa dhiiraa erga deettee daqiiqaa 30 booda siree hospitaalaarratti qormaataaf dhiyaatte. "Qormaataaf jarjara keessa waan tureef ciniinsuun kiyya natti hin ulfaanne," jechuun BBC'tti himte. Abbaan warraashee Taaddasaa Tulluu aanga'oota mana baruumsaa akka isheen hospitaalatti qoramtuuf isaan akka amansiise dubbata.
Yeroo firiin qormaata ifa ta'u %75 qormaaticha akka deebiste dubbatti. Haati tun yeroo ciniinsuu sana yaadachuun qormaaticha qabxii gaarii fidee darba hin seenne jetti. "Yeroo ulfa ture san galgala galgala waan hin rafneef yeroo san dubbisaaf itti fayyadama" jechuun BBC'tti himtee jirti. Yeroo barnootashee sadarkaa lamaffaa xumurtu Injiinara ta'uu akka barbaadu dubbatti. Joordaan Kinyeeraa Xiyyeeffannaan barnootaaf bara 2019 kenname Abukaatoo Yuugaandaaf bara addaa akka ta'u taasiseera. Dargaggeessi ganna 29 eega abbaan isaa bara 1996 waldhabdee lafaarratti uumameen qabeenyasaa dhabuusaatiin akka inni mana barnoota seeraa seenu isa taasiseera. "Abbaan kiyya soorama waan baheef qabeenya hedduu hin qabu ture," jechuun ji'a Guraandhala keessa yeroo dubbichi harka mana murtii ture san Joordaan BBC'tti himee ture. "Haala jiru irratti homaa gochuu dadhabuusaatiin baay'ee cinqamee ture, kunimmoo gara mana barnoota seeraa seenu na taasise." Haala nama gaddisiisuun murteen mana murtii abbaa Jorgaaniif barfatee dhufe. Jaarsi ganna 82 dhukkubba Alzeemariitiin rakkachaa waan tureef nutis wantoonni karaa qabataa akka jiran yeroo hunda isa yaadachiisuu qabna ture jedha Jordaan. Eega ji'a Guraandhalaa as wantoonni heddu jijjiiramanis ammas wantoonni fooyya'uu qaban jiru jedha Jordaan Kinyeeraa. Abukaatoon dargaggeessi kun namoota rakkina walfakkaataa keessa jiran tajaajila gorsaa kenna. 4. 'Ambaasaadaroota lammii Afriikaa tahuun boonan Faarfattoota Dargaggeyii Indloovuu "Bara bu'aa bayiin jiru milkaa'innis jira ture," jedha leenjisaan Faarfattoota Dargaggeyii Indloovuu kan ta'e Raalf Ishmiit. Dorgommii dandeettiirratti ji'a Fulbaanaa irratti xumuraaf gahuusaaniitiin uummanni Afrikaa Kibbaa hundi isaan cina ture.
Dorgommii dandeettiirratti ji'a Fulbaanaa irratti xumuraaf gahuusaaniitiin uummanni Afrikaa Kibbaa hundi isaan cina ture. "Har'a galgala nuti ambaasaadaroota dargaggeeyyii Afriikaa tokkomteeti," jechuun tiwiitara isaaniirratti maxxansana. Indloovuun dorgommicha hin injifannee garuu CD isaanii jalqabaa ji'a Sadaasa keessa dhageeffattoota biraan gahaniin Afriikaa Kibbaa keessatti dhageettii guddaa argateera. "Dorgommiin 'America's Got Talent' waan hedduu keenya jijjiireera. "Jireenya faarfattoota mana barnootaarras jijjiirama guddaa fideera akkasumas hawaasaafi dargaggeeyyii Afriikaa miiliyoonotaa biratti akka fakkeenya gaariitti ilaalamu" jedha Ishmiit. Alfariid Birowneel "Ani bakka bu'aadha - kan injifate hawaasa," jechuun Abukaatoofi quuqamaan eegumsa naannoo erga badhaasa guddaa eeggumsa naannoo injifate booda BBC'tti himeera. Obbo Biroowneel badhaasa 'Goldman Environmental Prize' jedhamu hojiisaa bosonni kaaree 500,000 ta'u akka hin barbadoofne taasiseef argate. Jaarsolii hawaasaa waliin ta'uun Obbo Biroowneel kibba-baha Laayibeeraa keessatti mancaatii bosonaafi lafa qonnaa hambiseera. "Amma yeroo kan korpooreeshiniin gurguddoon, dhaabbileen adda addaafi invarstaroonni hawaasa keessatti invasti godhaniidha," jechuun sagantaa raadiyoo BBC Newsday'tti himeera. Hojiin quuqamaa kun aanga'oota biyyatti kan dallansiiseefi dallansuu san booda dorsiifni hamma lubbuu dhabuu itti dhufnaan ammatti baqaan Ameerikaa jiraata.
Awwaanisa: UN qaamolee idil-addunyaa Afriikaa Bahaaf deeggarsa akka taasisaniif waamicha dhiheesse UN qaamoleen idil-addunyaa weerara awwaanisaa Afriikaa bahaa keessatti mul'ate kanaaf deeggarsa akka taasisaniif waamicha dhiheesse Dubbi Himaan Dhaabbata Nyaata Addunyaa "sodaa wabii nyaataa, lubbuufi sirna nyaataa" irratti miidhaa gessuu danda'u kamuuf gargaarsa akka taasisan gaafatan. Itoophiyaan Keeniyaafi Somaaliyaan weerara awwaanisa "hamaa" fi "beekuuf nama rakkisuun" rakkachaa jiru jedha Dhabbanni Nyaata Addunyaa. Dhaabbatichi lakkofsi weeraraa kun ji'a Waxabajjii keessa harka 500 dabaluu danda'a jedheera. Itoophiyaafi Soaaliyaan waggoota 25 keessatti wareerri akkanaa kun isaani mudatee hin beekne yoo ta;u Keeniyaan immoo waggoota 70 keessatti wareerri hamma kanaa ishee mudatee hin beeku jedhe Dhaabbanni Nyaata Addunyaa. Weerarri kun itti fuufa yoo ta'e Sudaan kibbaafi Yungaandaanis weerara kanaaf saaxilamuu danda'a. "Saffisin weerarri kun ittiinn deemaaru humna aanga'ota naannoofi biyyaati ol," jedha Dhaabbanni Nyaata Addunyaa. Carraan hafe tokko qilleensa keessatti farra ilbiisotaa biifudha. Weerarri awwaanisaa kun Galaana Diimaa qaxxaamuruun Yeman irraa dhufu. Roobni jabaan dhuma bara 2019 roobe wal hormaatasaaniif haala mijataa uumera. Rakkoon kunis haala yeroo deemuun dabaluu danda'a. Awwaanisnis guyyatti hamma kiilomeetira 150 imaluu danda'a. Guyyattis nyaata hamma ulfaatinasaa ta'u ni nyaata. Ji'a Sadaasa keessa UN Itoophiyaa keessatti weerarri uumamu akka danda'u akeekkachiisee ture. Kunis yeroodhaan tarkaanfii barbaachisu hin fudhatamu tanaan gara Itoophiyaafi Keeniyaa tamsa'uu danda'a jedhee ture. Qonaan bultoonni naannoo Amaaraa muraasni midhaansaanii %100 jalaa manca'eera.
Qonaan bultoonni naannoo Amaaraa muraasni midhaansaanii %100 jalaa manca'eera. Ji'a darbe weerarri awwaanisa kun xiyyarri daandii Itoophiyaa imalasaa akka addaan kutu taasisee ture.
Eenyummaan namoota balaa Xiyyaara ET302'n du'anii adda bahe Hojiin eenyummaa namoota balaa xiyyaara Itiyoophiyaa [Boing 737 Max 8] Finfinnee gara Keenyaa Naayiroobii imaluu caccabe adda baasuuf hojjetamaa ture xumurame jedhe Komishiniin Poolisii Federaalaa. Ji'oota jaha dura magaalaa Finfinneedhaa gara Keenyaa Naayiroobiitti balali'aa kan ture xiyyaarri Itiyoophiyaa ET 302 caccabuun namootni keessa turan hundinuu 157 tahan du'uun isaanii ni yaadatama. Haala miidhaa dhaqqabee qorachuuf koreen MM Abiy Ahimadiin dhiyeenyaan hordofamaa ture hundaa'uun hojjechaa ture. Akka gabaasa FBC'tti koreen hundaa'es of keessaa koreewwan xixiqqaa biroo afur kan qabu yoo tahu kana keessaa Poolisii Federaalaan kan durfamuu fi manneetii hojii saddet kan hammate eenyummaa namoota miidhamanii adda baasuuf hojjechaa kan turedha. Koreen kun ibsa har'a kenneen bakka balaan itti dhaqqabe irraa haftee qaama namoota balichaan miidhamanii, borsaa, ragaalee imaltootaa fi meeshaalee kaan funaanuu Komishinerri Komishinii Poolisii Federaalaa Indeshaaw Xaasoo himaniiru. Yeroodhaaf hospitaala Phaawuloositti qorannoo laabiraatoorii gaggeessuun qorannoo garaagaraas itti dabaluun ragaalee of eeggannoon qabuun eenyummaa miidhamtootaa adda baasaa akka turan himaniiru. Kanaanis qorannoo qaccee fi ashaaraa qubaa fi barruu harkaa akkasumas qorannoo ilkaanii gaggeessuun eenyummaa namoota balichaan du'anii adda baasuu hojjetamuu himan. Keessumaa qorannoon qaccee [DNA] ,qubaa fi ashaaraa barruu harkaa saamuda 8185 walitti qabuun gaggeeffame milkaa'aa tures jedhan. Qorannichi dorgomee kan injifate dhaabbata laabiraatoorii biyya Ingiliz Seelmaak jedhamu, Interpoolii fi Poolisii federaalaan qindoominaan akka hojjetame ibsan. Koreen poolisii federaalaan durfamus bu'aa qorannoo dhiyaate erga ilaalee irratti mari'achuun fudhachuu ibseera.
Koreen poolisii federaalaan durfamus bu'aa qorannoo dhiyaate erga ilaalee irratti mari'achuun fudhachuu ibseera. Itti aansuunis maatii miidhamtootaafi Imbaasiiwwaniif eenyummaa namoota du'anii kan ibsu xalayaadhaan gabaasa akka kennuufiif korichi himeera.
Mootummaan bakka hedduu deebisee to'achuu himus, TPLF ammoo 'tarsiimoofi' jedhe Mootummaan magaalaa seena qabeettii Laaliibelaa dabalatee naannoo Affaariifi Amaaraa keessatti bakkawwan murteessoo ta'an deebisee to'achuu ibsus, hidhattoonni TPLF ammoo 'tarsiimoo sirreeffachaa jirra' jedhan. Mootummaan Itoophiyaa adda waraanaa hedduu naannolee Amaaraafi Affaar keessatti injifannoo argachaa jiraachuusaa ibsus, TPLF garuu tarsimoo haaraa sororfachaa jirra jechuun TV Tigraay irratti ibsera. "Tarsimoofi tooftaan waraanaa faana bu'aa turre, akkasumas iddoowwan Amaaraafi Affaar keessaa qabannee turre siyaasaafi humna waraanaa murteessaa ta'uu hubannee osoo jirruu amma garuu tooftaa keenya sororsuun murteessaa ta'ee argameera.'' ''Sababni isaa ammoo gidiraa diinni itti jiruufi tooftaa babal'ifannaa humnootii Amaaraaf fala kaa'uun waan barbaachisee argameef,'' jechuun hime TPLF ibsa baaseen. "Kanaaf jecha sarara ittisaa keenya irratti jijjiirama hanga ta'e uumuun waraanicha yeroo gabaabaa keessatti goolabuuf,'' jedha gabaasi TV'n Tigraay ''Ajaja Giddu-galeessaa Humna Waraanaa Tigraay'' wabeeffachuun dhiyeesse. Waraanni mootummaa Ministira Muummee Abiy'n durfamu iddoowwan TPLF qabatee ture kanneen akka Laalibalaa, Shawaa Roobit, Cifraa, Gaashanaafi adda waraanaa hedduu naannolee Amaaraa fi Affaar keessaa kanaan dura humnootii TPLF jaa turan bilisoomsuu ibsaa jira. Ministirri Muummee Abiy Ahmad Kibxata darbe adda waraanaarraa ibsa kennaniin, ''diinni mo'amee jira, barbadeessuu qofatu hafa,'' jechuunsaanii ni yaadatama. Ministirri Muummee Abiy qaamoleen isaaniin lolaa jiran namoota leenjii waraanaa hin qabne hiriirsuun badii lubbuu hedduutiif sababa ta'uurraa akka of qusatan dhaaman. Kanaan dura dubbi himaan TPLF Geetaachoo Raddaa gamasaaniin turtii BBC waliin taasiseen, namoonni mootummaan dirree waraanaatti ergaa jiru kanneen muuxannoo fi leenjii waraanaa gahaa hin qabne waan ta'aniif garmalee dhumaa jiru jechuun ibsee ture.
Ministirri Muummee Abiy garuu ammas taanaan namoonni TPLF jala deemaa jiran hunduu harka kennuun dhumaatii lubbuu hambisuu qabu jedhan. ''Dargaggoonni Tigraay garee gara deemu hin beekne jala deemuun lubbuunsaanii garmalee badaa jira.'' ''Akka baalaatti harca'aa jiru. Dargaggoonni kunneen injifatamuu hubatanii raayyaa ittisa biyyaa, humna addaa, milishaa fi uummatatti harka akka kennatan. Yoo akkas hin goone waanti samoona ta'aa ture itti fufa, akka baalaa harca'uunsaanii kan dhaabbatu miti,'' jedhan. Harmootiin Tigraayis ijoolleensaanii eessa akka jiraniifi akkamitti akka jiran hordofuu qabu jedhan Ministirri Muummee Abiy. Guyyaa kaleessaa ammoo magaalaa seena qabeettii Laallibalaa dabalatee iddoowwan murteessoo ta'an waraana mootummaan qabatamuu Tajaajilli Kominikeeshinii mootummaa ibsee ture. Finciltoonni Tigraay mootummaan addaa waraanaatti milkaa'aa jiraachuu ibsuunsaa soba jechuun himateera. ''Gareen kun guyyuu adda waraanaatti injifachuun iddoo murteessoo ta'an qabadhe jedhee uummata sobaa oola. Dhugaan jiru garuu nuti haala mijeeffachuuf hojiirra jirra. Haala fooyyee qabuun ofirraa qolachuuf mala dhahaa jirra,'' jedha gabaasi TV Tigraay. Bakka nuti hin turreefaa eeruun harkaa baasneerra jedhanii dubbatu. Achitti suuraa ka'aa oolu. Haala kanaan uummata sobaa oolu. Waraana waggaa 30 oliif leenjii ga'aa argachaa ture, akkasumas dahannoo waraanaa darbuun hin danda'amu jedhanii amanan ijaaranii waraana dadhaban guyyaa sadii keessatti waraana leenjii ga'aa hin qabneefi milishoota umriinsaanii waggoota 60 fi 70 keesa ta'een humna keenya dura dhaabachuu gonkumaa hin danda'amu,'' jedha ibsi kun. Gamtaa Afrikaafi UN waraanni dhaabbaachuun gareen lamaanuu mariitti deebiyuun waldhabee isaanii akka furaniif wayita hojjetaa jiranitti kan waraanni Kaaba Itoophiyaa kun daran hammaachaa dhufe.
Gamtaa Afrikaafi UN waraanni dhaabbaachuun gareen lamaanuu mariitti deebiyuun waldhabee isaanii akka furaniif wayita hojjetaa jiranitti kan waraanni Kaaba Itoophiyaa kun daran hammaachaa dhufe. Ergamaan Addaa US Gaanfa Afriikaa Jeefrii Feeltimaan daawwannaa torbaniin dura Itoophiyaatti taasiisaniin booda ibsa kennaniin haalli waraanaa itti fufee jiru yaalii dhimmicha karaa araaraatiin fufuuf taasifamuutti gufuu akka hintaane yaaddoo qabaachu kaasani ture
Facebook maxxansa MM Abiy lammiileen finciltoota akka 'awwaalaniif' ittiin gaafatan haqe Facebook maxxansa Ministirri Mummee Itoophiyaa Abiy Ahimad (PhD) maxxansan faallaa imaammata isaa ta'uun, hokkoora kakaasa jechuun haqu beeksiise. MM Abiy guyyaa Dilbataa lammiilee meeshaafi humna qabanii ka'anii finciltoota Adda Bilisa Baasaa Ummata Tigraay (TPLF) karaa kaabaatiin naannoolee ollaa keessatti babal'ifataa jiru akka dhaabaniif waamicha taasisan. Humnootiin TPLF waraana waggaa tokko darbeef humnootii mootummaa waliin gaggeessaa tureen, dhiheenya kana magaalota murteessoo ta'an to'ataa jira. Dhaabbanni Facebook kanaan dura hokkara kakaasuuf wayita akka meeshaatti hojiirra oole dhaabsiisuuf hojjii gahaa hin hojjannee jedhamuun qeeqamaa ture. MM Abiy maxxansa isaanii dhiyeenyaatiin, finciltoonni lafa to'atan babal'ifachuun, ''biyyattii gara hin taanetti dhiibaa jiru'' jechuun, lammiileen ka'anii ''ofi ijaaranii dandeettiifi meeshaa qabaniin karaa seeraa kamiinuu garee shororkeessaa TPLF akka ittisan, deebisaniifi awwaalaniif,'' gaafatan. Dhaabbatni Facebook, kan dhiheenya kana maqaasaa Meta jechuun moggaase karaa dubbi himaa isaatiin BBCtti akka himetti, ''Maxxansa Ministira Muummee Itoophiyaa maxxansan erga hubanneen booda imaammatawwan keenya hokkara kakaasuufi deeggaruu dhorkan waan cabseef haqneerra,'' jedhan. ''Nuti warri Meta, eenyuunuu yoo ta'e, qabiyyeewwan namoota dhuunfaa ykn dhaabbilee ulaagaalee Hawaasaa keenya cabsan ni haqna.'' Sanadawwan dhoksaan baatii darbe keessa baheen, Facebook gareewwan hidhatan kan Itoophiyaa keessatiin saboota lakkoofsaan gadaanaa ta'an irratti hokkora kakaasuuf akka meeshaatti fayyadamaa jiraachu akeekkachisni kennamuuf ifa taasifameera. Baatii Onkolooleessaa keessa hojjattuun dhaabbata Facebook duraanii, Firaansiis Hagen Seeneetii US irratti haasaa taasifteetti, kubaaniyichi biyyoota waraanni itti gaggeeffamu kan akka Itoophiyaa keessatti sababii tajaajilawwan isaa USn alaa sirriin hinto'anneefuu ''dhugaatti hokkoora sabummaa cimsaa jira'' jechuun ishee ni yaadatama.
Baatii Onkolooleessaa keessa hojjattuun dhaabbata Facebook duraanii, Firaansiis Hagen Seeneetii US irratti haasaa taasifteetti, kubaaniyichi biyyoota waraanni itti gaggeeffamu kan akka Itoophiyaa keessatti sababii tajaajilawwan isaa USn alaa sirriin hinto'anneefuu ''dhugaatti hokkoora sabummaa cimsaa jira'' jechuun ishee ni yaadatama. Miidiyaan hawaasaa guddichi, Meta, Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO) fi qabiyyeewwan isa leellisan kaan feesbuukiirraa haquu addatti BBC'f dhiyeenya mirkaneessee ture. Dhaabbatni Feesbuuk Waraana Bilisummaa Oromo tarree ''dhaabbileefi namoota hamoo'' jedhu jala waan galcheef guutummaatti Feesbuukiitti fayyadamuu akka hin dandeenye ugguruu hime. Waraana Itoophiyaa keessatti namoonni kumaatamaan lakkaa'aman yoo ajjeeffaman, kanneen miiliyoonotaan lakka'aman ammoo bakka jireenyaa isaaniirraa buqqa'u UN beeksiiseera. Waraanni naannoo Tigraay waggaa har'aa Sadaasa 04, 2020 wayita MM Itoophiyaa Abiy Ahimad raayyaan ittisa biyyaa hmnootii naannoo Tigraay irratti tarkaanfii akka fudhatan ajajan kan eegale ture. MM Abiy tarkaanfiin kunis deebii haleellaa humnootiin naannoo Tigraay, looltoota biyyaaleessaa kan kaaba biyyatiitti buufatanii ture irratti raawwatan ta'u himan.
Maappii asiin gadii kana banaatii hordofaa.
Guteerez hojjetoonni UN Itoophiyaa keessatti hidhaman akka gadhiifamaniif gaafatan Barreessaan Olaanaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii (UN) Antooniyoo Guteerez hojjetoonni dhaabbatichaa Itoophiyaa keessatti hidhaman akka gadhiifamaniif waamicha taasisan. Dubbi himaan Antooniyoo Guteerez Barreessaan Olaanaa UN kun hanga beekanitti hojjetoota Dhaabbatichaa to'annoo jala oolfamanirratti himannaan hin banamne, sababii maaliif akka to'atamanillee hin ibsamneef jedhaniiru. Konkolaachistoota meeshaa gargaarsa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii torban darbe to'atamanii turan keessaa walakkaa kan ta'an gadhiifamuu isaanii UN beeksisee ture. Konkolachistoota Dhaabbaticha waliin hojjetan 72 keessaa aanga'oota Itoophiyaatiin to'ataman keessaa 34 gadhiifamanillee kanneen hafan 36 ammallee hin gadhiifamiin akka jiran dubbi himaan UN ibsanii turan. Konkolaachistootaan alattis lammileen Itoophiyaa hojjetoota UN ta'an 10 hidhamanii jiru. Guteerez Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii Itoophiyaatti hojiiwwan murteessoo ta'aniifi walaba ta'an akka hojjetu yaadachiisanii, mootummaan Itoophiyaa hojjetoota UN akka hin hiineef gaafataniiru. Barreessaan Olaanaa UN kun, aanga'oonni Itoophiyaa hidhaa eenyummaa sabaa irratti hundaa'uun gaggeeffamu akka dhaabaniif gaafataniiru. Aanga'oonni Itoophiyaa garuu namoonni to'annoo jala oolfamaa kan jiraniif, "eenymmaa isaanii bu'uura godhachuudhaan miti," jedhu. "Waraanni nageenya waaraa Itoophiyaatiif fala miti, akkasumas tasgabbiillee hin buusu," kan jedhan Barreessaan Olaanaa kun, qaamoleen walitti bu'insa keessatti qooda fudhatan dhukaasa dhaabuun garaa garummaa isaanii mariin akka furaniif gaafataniiru. Dhiyeessi gargaarsa namoomaa nageenyi isaa mirkanaa'eefi dhorkaan irra hin kaa'amne atattamaan deebiyuu qaba kan jedhan Guteerez, "qormaanni Itoophiyaa mudate kan hiikoo argachuu danda'u marii Itoophiyaanota hunda hirmaachiseenidha," jedhaniiru.
Dhiyeessi gargaarsa namoomaa nageenyi isaa mirkanaa'eefi dhorkaan irra hin kaa'amne atattamaan deebiyuu qaba kan jedhan Guteerez, "qormaanni Itoophiyaa mudate kan hiikoo argachuu danda'u marii Itoophiyaanota hunda hirmaachiseenidha," jedhaniiru. Waraanni Kaaba Itoophiyaatti gaggeeffamaa jiru hammaachaa deemuu hordofee mootummaan Itoophiyaa labsii yeroo muddamaa guutummaa biyyattiitti hojiirra oolu labsuun isaa ni yaadatama. Labsiin yeroo muddamaa labsamuu hordofee ammoo qaamoleen nageenyaa mootummaa namoota hedduu to'annoo jala oolchaa jiru. Kana hordofee kaleessa Komishiniin Olaanaa Mirgoota Namoomaa UN Itoophiyaatti torbanoota darban keessa addatti dhalattoota Tigraay irratti hidhaan fuulleffatan heddummaachuun na yaaddesseera jedhee ture. Dubbi himaan Komishinichaa Liiz Tiroosel ibsa baaseen Finfinneetti, Gondaritti, Baahir Daarittiifi bakkawwan birootti labsii yeroo atattamaa labsame hordofee Poolisiin sakatta'insa taasisaafi namoonni kuma tokkoo ol hidhamuu isaa ibseera,
Waraana Tigraay: Finciltoonni Tigraay magaalaa Kombolchaatti 'dargaggoota 100 ol ajjeesan' - Mootummaa Finciltoonni Tigraay magaalaa Kaaba Walloo Kombolchaatti dargaggoota 100 ol ajjeesan jechuun mootummaan federaalaa himate. "Shororkeessaan TPLF magaalaa Kombolchaa lo'ee seenuun har'a halkan dargaggoota magaalattii 100 ol hiriirsee ajjeese" jedhan dubbi himaan mootummaa Laggasaa Tulluu (PhD) ibsa Wiixata miidiyaaleef kennaniin. Dabalataan, finciltoonni Tigraay lo'anii kan seenan magaalaa Deessee fi Kombolchaa keessatti qabeenya saamuu fi barbadeessuus himaniiru jechuun FBC'n gabaaseera. Finciltoonni Tigraay Sanbata magaalaa guddittii Kibba Walloo Deessee, Sanbata ammoo Kombolchaa to'achuu isaanii beeksisaniis mootummaan magaalotni kunneen to'atamuu ni waakkata. Naannawa magaalota kanneeniitti lolli jabaan adeemaa akka jiru gabaasaaleen ni mul'isu. TPLF amma dura dhimma ajjeechaa kanaa irratti deebii hin kennine. Amma dura lammiilee nagaa irratti haleellaa raawwachuun irra deddeebiin komii irratti ka'u waakkataa turan. Magaalota kanneen keessatti tajaajilli bilbilaa fi intarneetii waan adda citeef maaltu akka ta'aa jiru haala walaba ta'een mirkaneessuun hin danda'amne. MM Abiy Ahimad lammileen Itoophiyaa hundi dhimma idilee isaanii yeroof tursiisanii, humnaa fi meeshaa qabaniin gara adda waraanaa akka duulan gaafataniiru. "Uummatni keenya dhimma isaa idilee yeroof tursiisee, shororkeessaa ABUT/TPLF badiif dhufe qolachuuf, of duuba deebisuufi awwaaluuf, meeshaa fi humna argame maraan, gurmaa'insa seera qabeessa ta'een duuluu qaba," jedhan. Ergaa Dilbata gama marsaalee hawaasaa isaaniin dabarsaniin, "qabsoo hadhaawaa qabsofnee, injifannoo mi'aawaa ni dhamdhamna" jedhu MM Abiy. Manni Maree Naannoo Amaaraas yaa'ii ariifachiisaa gaafa Dilbataa taa'een, TPLF sirna seera kabachiisuu idilee qofaan waan mo'achuu hin dandeenyeef, uummanni naannichaa hundi duula kanatti akka makamu waamicha taasise.
Manni Maree Naannoo Amaaraas yaa'ii ariifachiisaa gaafa Dilbataa taa'een, TPLF sirna seera kabachiisuu idilee qofaan waan mo'achuu hin dandeenyeef, uummanni naannichaa hundi duula kanatti akka makamu waamicha taasise. Hooggansi mootummaa naannichaa sadarkaan jiru waamicha kana fudhatee duula kana dura bu'ee akka qindeessu; kana gochuu baannaan garuu tarkaanfii akka fudhatu ibseera. Waraana Kaaba Itoophiyaa waggaa guutuuf guyyootni muraasni hafan kanaan namoonni kumaatamaan lakkaa'aman lubbuu yoo dhaban, miliyoonaan kan lakkaa'aman qe'ee isaaniirraa buqqa'aniiru. Waraanichi baatilee saddeet jalqabaaf naannoo Tigraay keessatti daangeffamee turus, baatile afran darban naannoo Amaaraa fi Affaaritti babal'atee miidhaa hedduu geesise. Waraanichi dhaabbatee mariin furmaata akka argatu dhiibbaa gochaa kan jirtu Ameerikaan, humnoonni Tigraay waraana tibbana naannawa Deessee fi Kombolchaatti godhan akka dhaabanii fi naannoo Amaaraa keessaa akka bahan gaafatteetti.
Waraana Tigraay: Hidhattoonni TPLF Dasee to'achuun himamus mootummaan garuu harkumakoo jirti jedhe Magaalaan Dasee kan guyyoota hedduuf hidhattoonni TPLF fi humnoonni mootummaa Itoophiyaa irratti wal waraanaa turan harka hidhattootaa galuun maddeen hima illeen, motummaan garuu ammalleen magaalattiifi naannoowa ishee harka koo jirti jedhe. Jiraattoonni magaalattii BBC har'a dubbise, humnoonni motummaa magaalattii gadhiisanii bahuufi hidhattoonni TPLF kalattii garaa garaatiin magaalaa Dasee seenaa jiraachu mirkaneessaniiru. Kana malees jiraattoonni kunneen Sanbata har'aa ganama keessa waraanni cimaan akka tureefi humnoonni motummaa federaalaafi naannoo Amaaraa gara kibbaatti dhiibamaa jiraachuu akka argan BBCtti himan. Ministeerri tajaajila kominikeeshinii mootummaa Itoophiyaa ibsa sa'aa booda kenneen ''dargaggoonni Dasee fi qaamoleen nageenyaa haala qindaayeen yaalii humnootni TPLF magaalicha qolachuuf godhan ofirraa qolchaa jiruu,'' jedhe. Magaalichi ammallee harka mootummaa jiraachuu kan hime ibsi kun, dargaggonni magaalittii akkuma eegalaniin magaala isaanii baandaarraa ittisuu cimsanii itti fufuu qabuu jedheera. BBC'n Jimaata kaleessaa aanga'oota olaanoo mootummaarraa yeroo iyyaafatu, miseensonni waraanaa Itoophiyaa ''tarsiimoof jecha'' adda waraanaa dhiyeenya magaalaa Dasee jiru gadhiisanii bahaa akka jiran mirkaneeffateera. Rooyitarsi dubbii himaa TPLF Obbo Getaachoo Raddaa bakka adda hin baanerraa bilbila saataaayitiin yoo dubbisu, humnoonni isaanii humnoota mootummaa magaalota Dasee keessaa baasuun gara magaalaa Kombolchaatti qajeeluu himaniiru. Torban darbee kaasee humnoonni TPLF fi waraanni mootummaa Federaalaa dhiyeenya magaalaa Dasee fi Kombolchaatti waraana cimaa gaggeessaa akka turan mootummaafi hidhattoota mootummaan shororkeessaa jedhuun ibsaa turan. Mootummaan naannoo Amaaraa kan irra deddeebiin hunduu gara adda waraanaa Wallootti akka duulu labsaa ture.
Kutaalee naannoo Amaaraa hundarraa dargaggeessi gara adda waraanaa Kibba Wallootti duulaniiru. Kantiibaa Itti aanaan magaalaa Dasee guyyaa Kamisaafi Jimaataa hidhattoonni TPLF meeshaa waraanaa gurguddaa gara magaalaa Daseetti dhukaasuun yoo xiqqaate namoonni sadii du'anii ,10 ol madaa'u BBC'tti himanii turan. Magaalaan Kombolchaafi Dasee akkasumas naannoon kun waraana kana keessatti bakka faayidaa guddaa qabu akka ta'e himama. Magaalaan Kombolchaa paarkii Indaastirii guddaa kan of keessaa qabu yeroo ta'u, magaalaan uummata walakkaa miiliyoonaa qabdu Daseen ammoo Kaaba fi Kibba Wallootti naannolee humnootni TPLF to'atan keessaa lammiilee buqqa'an kumoota dhibbaan lakkaawwamaniif dahoodha. Mootummaan Itoophiyaa to'atamuu magaalaa Dasee ilaalchisee hanga ammaatti ibsi kenne jiraachuu baatus Ministeerri tajaajila Komonikeeshinii mootummaa Federaalaa ibsa Sanbata ganama baaseen adda waraanaa Kibba Wallootti uummatnifi humni waraanaa Itoophiyaa duula jabaa godhaa jiruun injifannoo argachaa akka jiru hima. Kantiibaa Itti aanaan magaalaa Dasee obbo Sayiid Yooseef Jimaata BBC'tti yoo himan ''guyyaa har'aa naannoo sa'aa saddeetitti humnoonni TPLF magaala Dasee to'ataniiru oduun jedhu tamsa'ee ture'' jedhanii jiraattota magaalittii irratti naasuun uumamuu himaniiru. Uummanni magaalichaa baqachuu eegalee akka tureefi ammaan tana garuu haalli guutummaan tasgabbaa'aan akka jirus dabalanii himaniiru. Humni TPLF dhiyeenya magaalaa Dasee ture barbadeeffameera jedhanii, ammaan tana humni kutamee hafe asittis achittis sagalee dhukaasaa dhageessisaa jira,'' jedhan. Obbo Getaacho Raddaa Rooyitarsitti yoo himan humni waraanaa mootummaa hedduun booji'amaa akka jiruufi uummatni magaalittii gadhiisee bahaa jiraachuullee dabalanii himaniiru. Tajaajilli oduu Firaans AFP jiraattota magaalaa Daseerraa iyyaafadhe akka jedhee gabaasetti humnoonni mootummaa federaalaa adda waraanaa dhiyeenya Daseerraa bahaniiru.
Tajaajilli oduu Firaans AFP jiraattota magaalaa Daseerraa iyyaafadhe akka jedhee gabaasetti humnoonni mootummaa federaalaa adda waraanaa dhiyeenya Daseerraa bahaniiru.
Waraana Tigraay: Humnooti TPLF lafa to'annoo isaanii jala jiru babal'ifachaa jiru Humnoonni TPLF Wiixata galgala magaalaa guddoo naannoo Tigraay Maqalee erga to'atanii booda lafa to'annoo isaanii jala jiru babal'ifachaa jiru. Humnooti kun magaalaa Shiree kan gara Kaaba-Lixaatti Maqalee irraa kiiloomeetira 140 fagaattu, kan to'annoo loltoota Eertiraa jala turte of harkatti deebifatanii jiru akka qondaalonni UN jedhanitti. Loltoonni Eertiraa achi turan dursanii magaalattii gadi dhiisanii bahan. Humnootiin Tigraay hanga 'lafti Tigraay taakkuun tokkollee osoo hin hafiin bilisoomutti' waraana akka itti fufan dhaadataa jiru. Dubbi himaa Adda Bilisa Baasaa Ummata Tigraay (TPLF) Obbo Getaachoo Raddaa, "humnoota diinaa warra qabeenya mootummaa fi dhuunfaa mancaasan, akkasumas baankiiwwan saaman, buufata xiyyaaraatii jalqabnee hanga daangaa Affaarii fi Tigraay gidduu jiruutti hordofuun oppireeshiniin gaggeessinu milkaa'inaan itti fufeera," jedhe. "Keessumaa ammoo humni harcaatuun humnoota keenyatti dhukaasuuf yaalan waan jiraniif daandiirratti isaan fixna. Akkuman siin jedhe garuu, hanga lafti taakkuun tokkollee osoo hin hafiin Tigraay diinarraa bilisa taatutti itti fufnee lolla," jechuun kaleessa haala ture Reuters'tti hime Obbo Getaachoon. Mootummaan Itoophiyaa garuu sababiiwwan qote-bulaan waqtii gannaa tasgabbaa'ee akka qotatu, akkasumas hojiin gargaarsa dhiyeeessuu yaaddoo waraanaarraa bilisa ta'een akka gaggeeffamu jedhu dhiyeessuun adduma isaatiin Waxabajji 21, 2021 irraa kaasee dhukaasa akka dhaabe beeksiseera. Obbo Getaachoo Raddaa ammoo, "Kaayyoon keenya humna diinaa nu waraanu dadhabsiisuudha. Hanga Tigraay humnoota diinaarraa bilisa taatutti duula keenya hin dhaabnu. Waan barbaachisu mara ni goona," jechuun sochiin taasisan akka hin itti fufan dubate.
"Jalqabarraa kaasnee akkuma ifa gochaa turretti, xiyyeeffannoon keenya hangafti diinonni gama Ertiraarraanis yaa ta'u Amaararraa ykn ammoo Finfinneerraas yaa ta'u, kanaan booa nagaa fi tasgabbii ummata keenyaaf yaaddoo ta'uu kan hin dandeenye ta'uu mirkaneeffachuudha." "Kana gochuudhaaf ammoo Amaara dhaquu kan gaafatu taanaan ni deemna; Ertiraa dhaquu kan gaafatu taanaanis ni dhaqna," jechuun dubbate Obbo Getaachoon. Mootummaan giddu-galeessaa garuu dhukaasa dhaabuun kun, "hanga waqtiin qonnaa xumuramutti ta'ee haal-duree tokko malee dhimma namoomaarratti kan hundaa'e" yoo ta'u, qaamni carraa kana kaayyoo hamaaf itti gargaaramu nu mudata taanaan garuu tarkaanfiin seera kabachiisuu akkaataa barbaachisuun kan fudhatamu ta'a," jedheera. Akkaataa gargaarsi namoota deeggarsi barbaachisuuf gahuu qaburrattis ummata keenyaaf jecha dhaabbileen gargaarsaa danqaa tokko male bilisaan Tigraay keessa socho'anii akka hojjetaniif wabii nageenyaa barbaachisaa ta'e ni mirkaneessina jedhe Obbo Getaachoon. "Amma humnoota mootummaa federaalaa, .., warra ummanni Tigraay gargaarsa argachuu hin qabu jechuun hojjetoota idil-addunyaa gargaarsa dhiyeessan ajjeesuuf garaa hin laafne waliin rakkachuu hin qaban. Nuti dhaabbileen gargaarsa idil-addunyaa bilisaan Tigraay keessa akka socho'aniif deeggarsa barbaachisu ni dhiyeessinaaf." Mootummaan Tigraay filatame gara magaalaa guddittii Maqaleetti deebiyeera kan jedhu ammoo gorsaa dhaaba duraan Tigraay bulchaa ture TPLF Fissahaa Tasammaati. Akka inni jedhutti mootummaan kun akka heera biyyoleessaafi naannootti kan filatame ta'uu isaati. Akka Obbo Fissahaan jedhanitti, jijjiirama amma naannicha keessa jiruun uummanni naannichaa garri caalu mootummaa Tigraay jala waan jiruuf dhaabbileen gargaarsaa namoota gargaarsi barbaachisuuf dhiyeessuu danda'u.
Akka Obbo Fissahaan jedhanitti, jijjiirama amma naannicha keessa jiruun uummanni naannichaa garri caalu mootummaa Tigraay jala waan jiruuf dhaabbileen gargaarsaa namoota gargaarsi barbaachisuuf dhiyeessuu danda'u. Kanaafuu hawaasni idil-ddunyaa mootummaan Finfinnee jiru qarqaarsa akka hin dhiyeessine nu danqeera jechuun sababa dhiyeessuu hin danda'an jedhan. Haalli qabatamaa lafarra jiru qarqaarsa geessuuf kan haalaan mijate ta'uu kan ibsu Obbo Fissahaan, "ummanni kun dararaa hedduuf saaxilameera. Amma garuu rakkoon kun uummatarraa waan ka'eef, hawaasni addunyaa uummata keenyaaf nyaata dhiyeessuuf nu qarqaaruu qaba," jedha. Wanti uummatni Tigraay yeroo duraaf gaafate, nagaan akka jiraatuufi waraana haganaa fiduun maaliif barbaachise kan jedhu ture. Wanti inni jalqabaa tahuun irra jiraatu lammileen naannichaa wanta ji'oota saddeetiif adeemaa turerraa aara galfachuu ta'uu himuun, tajaajilli ibsaafi bilbilaa Maqaleerraan kan hafe Tigraay bakka biraa hin jiru waan ta'eef kunillee waan xiyyeeffannaan kennamuuf malu ta'uu kaase. "Wanti jalqaba dhufuu qabu ummanni gara jiruu idileetti deebi'uutu irra jiraata. Namoonni gargar badanii turan walbarbaadaa jiru. Yeroon kun yeroo gadda keenya itti ibsannudha, takka turree waan tahummoo ni ilaalla," jechuun haala guuyyoota lamaan kana keessa naannichatti mul'atan ibsa.
Waraana Tigraay: Dhimmi 'loltoota Itoophiyaa Tigraayitti booji'amanii' maal jedhame? Loltoonni Raayyaa Ittisa Biyyaa Itoophiyaa lola irratti humnoota Tigraayiin booji'aman jedhaman Jimaata magaalaa Maqalee keessa akka uummataan daawwataman taasifameera. Kuni kan ta'e humnoonni TPLF kan motummaan shororkeessaa jedheen fi kan baatilee saddeetiif mootummaa Itoophiyaa waliin lolatti turan Wiixata darbe raayyaan erga bahee booda magaalaa gudditti Tigraay Maqaleetti deebi'uu hordofeeti. Raayyaan Ittisa Biyyaa Itoophiyaa deebii kenneen loltoonni isaa booji'amuun oduu sobaa ta'uu kana dura BBC'tti himeera. Guyyaa kaleessaa miidiyaa biyyaalessaaf deebii kenneen 'waraanni afaan qawwee ummatatti hin garagalchu jedhee ummatatti harka kenne jira' jechuun garuummoo dhaabni TPLF ololaaf itti dhimma bahaa jira jechuun himateera. Loltoonni booji'aman jedhaman uffannaa dambii Raayyaa Ittisa Biyyaa Itoophiyaa kan uffatan yoo ta'u, eenyummaa loltoota kanaa BBC'n addatti mirkaneessuu hin dandeenye. Mootummaan Itoophiyaa deeggarsi namoomaa danqaa malee akka dhaqqabuu fi qonnaan bultoonni waqtii gannaa hojii qonnaa akka hojjetaniif jecha dhukaasa dhaabuu labse. Paarlaamaan Itoophiyaa shororkeessaadha jechuun kan labse TPLF gama isaan, loltoonni mootummaa federaalaa Itoophiyaa lola irratti injifatamanii naannicha gadi dhiisuuf dirqamani jedha. Akka gabaasni 'The NewYork Times' jedhutti, Jimaata gara magaalaa Maqalee kan deebi'e hogganaan TPLF Dabratsiyoon Gabramikaa'el loltoonni isaa loltoota Raayyaa Ittisa Biyyaa Itoophiyaa 6000 ol booji'aniiru. Loltoonni booji'aman jedhaman kunneen kaampii waraanaa itti hidhamanii turan Maqalee irraa kiiloomeetira 75 fagaatee argamu irraa guyyaa afur miilaan deemuun Jimaata magaalattii gahan. Wayita magaala keessa tarree galanii deeman, jiraattonni magaalattii karaa qarqara dhaabbatanii iyyaa fi harka walitti rukutuun gammachuu isaanii ibsataa turan.
Loltoonni kun magaalaa Maqalee mana hidhaa guddaa tokko keessatti hidhamanii kan jiran ta'uufi ajajootaan ala loltoonni idilee akka gadi dhiifaman Dabratsiyoon ''The NewYork Times'tti himee jira. Suuraalee fi gabaasaaleen loltoota booji'aman jedhamanii marsaalee hawaasaa fi miidiyaalee idileen bahaa jiran gaaffilee hedduu kaasaa jira. Dhuguma kunneen loltoota raayyaa ittisa biyyaatii? Waraanni kun hundi akkamiin booji'amuu danda'e? Waraanni Itoophiyaa injifatamee moo tooftaaf Maqalee gadi dhiise? fi kkf gaaffilee namootni marsaalee hawaasaa irratti gaafachaa jiranidha. Xiinxalaa fi ogeessi seeraa Awwol Aloo gabaasa 'The NewYork Times' eeruun "…mata dureen gabaasa kanaa qofti - 'Humnoonni Tigraay loltoota Itoophiyaa magaalaa guddoo naannichaa keessatti hiriiraan uummataaf agarsiisan' kan jedhu - mootummaan akka aangoo gadi dhiisu kan godhu ture" jedha. "Miidhaan ija addunyaa duratti maqaa gaarii dhaabbilee biyyattiirra gahaa jiru kan nama dhukkubsu," jedhe Awwol yaada twitter irratti barreesseen. Mootummaan Itoophiyaa haala gaaffilee ka'aa jiraniif deebii kennuu fakkaatuun fuula Feesbuukii koreen labsii muddamaa naannoo Tigraay Odeeffannoo ittiin keenna ture 'Ethiopia State of Emergency Fact Check' jedhamu irratti, Raayyaa Ittisa Biyyaa irratti ololli maqa balleessii raawwatamaa jiraachuu ibseera. "Raayyaan Ittisa Biyyaa ergama seera kabachiisuu itti kenname sirnaan bahateera, ta'us haleellaa gareen shororkeessaa uummata nagaa dahatee irratti raawwateen haarsaa kafaleera," jedhe. Akka ibsi kun jedhutti Raayyaan Ittisa Biyyaa seeraa fi naamusaan waan buluuf uummatatti dhukaasuu dhiisee haarsaa kafale. "Haarsaa Raayyaan Ittisa Biyyaa kafale kana gareen shororkeessaa akka waan mo'amee fakkeessee olola sobaaf oolfate," jedhe ibsi Sanbata bahe kun. Ibsichi waa'ee loltoota booji'aman jedhamanii ifatti waan jedhe hin qabu.
TPLF Maqalee seenuun guyyoota muraasa dura lola jajjabaa loltoota Itoophiyaa waliin godheen loltoota kumaatamaan lakkaa'aman 'hojiin ala gochuu' ibsaa ture. Dubbi himaan Raayyaa Ittisa Biyyaa Itoophiyaa koloneel Geetinnat Adaane lola Tigraay keessatti adeemaa tureen loltoonni isaanii haarsaa kafalaa akka turan himuun, loltoonni booji'aman jedhamanii suuraan isaanii marsaalee hawaasaa irratti gadi dhiifame garuu soba jedhanii turan. TPLF uffata dambii Waraana Eertiraa fi kan Itoophiyaa warshaa huccuu Almaadaatti omishee ittiin yakka hojjechaa ture jedhan qondaalli kun. Jimaata erga loltoonni booji'aman jedhaman daandiiwwan magaalaa Maqalee keessa hiriirfamanii uummatatti agarsiifamanii booda Raayyaan deebii kenneen dhaabni TPLF ololaaf itti dhimma bahaa jira jedheera. ''Ummata hin rukunnu jedhanii jaalonni keenya sadarkaa gidduu jiran lubbuu isaanii of balleessan'' jiru jechuun Daarektarri Sabqunnamtii Raayyaa Ittisaa Koloneel Getinnat Adaana miidiyaa biyyaalessaa, ETV'tti himaniiru. ''Miseensonni waraanaa afaan qawwee ummatatti hin galagalchinu jedhanii ummataaf harka kennan akka jiran ni beekna.'' Isa baay'ee jedhamu irrattis 'lakkoofsa ol kaasanii dubbachuun amala isaaniiti' jechuun balaaleeffatan. ''Hojii piroppagaandaaf akka oolchaa jiru beekuun ni danda'ama.'' ''Waraana keessa du'uun, ajjeesuun akkasumas booji'amuun ni qunnama. Osooma ta'e akkana gochuun maaliif barbaachise? Nuyi yookiin mootummaan maaliif akkana gochuu dhiise?'' jechuun gaafatu. Kanaanis, dhaaba TPLF seeraafi safuuf hin bitamne jechuun himatu. Mootummaan garuu akkatti boojuu qabatu ''sirriitti beeka'' jechuun himan. ''Lammata akkaataan raayyaan keenya magaalota Tigraay keessumaa Maqaleedhaa bahe beekama. Ummanni Maqalee sirriitti beeka.
Dhukaasa tokko malee akka bahe ummanni argeera. ''Waraanee injifadheeni akka hin jenne akkatti baane ummanni argeera. Gammoojjiitti lolaan ture, waraanni booji'e kunoo jedhee ummata gowwomsuufi itti fayyadamaa jira,'' jechuun himatan. ''Inni moo'e baay'ee osoo hin dubbatiin inni mo'ame garuu mo'amuu isaa dhokfatuuf mo'eera jechuuf carraaquun garee kanarraa waan eegamudha,'' jechuun dubbatan. Qondaalli kuni waraanni Itoophiyaa yeroo ammaa ga'umsa gaariirra jiraachuu ibsaniiru. Mootummaan Itoophiyaa lola Tigraay irratti loltoonni fi namootni nagaan hedduun ajjeefamuu ibseera. Haa ta'u malee miidhaan gama lamaaniinu gahe hin beekamu. Raayyaan Ittisa Biyyaa gama isaan TPLF irraan miidhaa guddaa geessisuu hima. Qondaala Olaanaa Waraana Itoophiyaa kan ta'an jeneraal Baacaa Dabalee ibsa Jimaata miidiyaaleef kennaniin TPLF 'akka yaaddoo nageenyaa hin taanetti guutummaatti barbadaa'uu dubbatan. MM Abiy Ahimad loltoonni isaanii Maqalee gadi dhiisanii bahuun sababa magaalattiin amma booda 'barbaachisummaa siyaasaa duraan qabaachaa turte' hin qabneefi jedhan. Itti dabaluunis miidhaan dabalataa akka loltootarra hin geenyeef akka ta'es himan. Lola baatii saddet lakkoofsiseen Raayyaan Ittisa Biyyaa hagam akka miidhame ifatti wanti beekame hin jiru. Aleeks de Waal - direektarri olaanaa Faawundeeshini Nagaa Addunyaa (WPF) kan dhimmoota Itoophiyaa irratti xiinxala adda addaa kennuun beekamu, "Raayyaan Ittisa Biyyaa Itoophiyaa kutaalee waraanaa 20 qaba - kana keessaa 7 guutummaati barbadaa'aniiru, 3 ammoo hojiin ala taasifamaniiru" jedha. Xiinxaltoonni kaan garuu miidhaan Waraana Itoophiyaarra gahe hagam akka ta'e qixaan beekuun ni ulfaata jedhu. "Gaaffii doolaara miliyoona tokkooti," jedha Wiliyaam Daavisan - xiinxalaan 'International Crisis Group'.
"Gaaffii doolaara miliyoona tokkooti," jedha Wiliyaam Daavisan - xiinxalaan 'International Crisis Group'. "Ifatti hin beeknu garuu miidhaan jabaan irra gaheera, hamilees itti dhabaniiru" jedhe. "Maqaa gaarii nagaa eegsisuun Waraanni Itoophiyaa Afrikaa Bahaa keessatti qabaachaa tureen yoo madaallu, ammatti waraanni Itoophiyaa daran laaffateera," jedha. Miidhaa loltootarra gahetti dabalataan baasiin maallaqaa mootummaan lola kanaaf baase diinagdee biyyattii irratti dhiibbaa jabaa qabaata. MM Abiy Ahimad baasii waraanaa osoo hin dabalatiin deeggarsa namoomaa fi naannicha deebisanii ijaaruuf yaalii godhameef qofa birrii biliyoona 100 baasuu dubbatan. Dhimma Tigraay irratti yeroo jalqabaaf ifatti kan yaa’ii taa’e manni maree nageenyaa UN, gama lamaaninuu waraana dhaabuun qabatamaan lafarratti akka raawwatuu fi deeggarsi namoomaa danqaa tokko malee namoota rakkoo keessa gahan akka dhaqqabu gaafate.
Waraana Tigraay: 'Uummanni Tigraay mirga dhabe qabsoo isaatiin deebifachaa jira, ni deebifata' - Dabratsiyoon Gabramikaa'el Uummatni Tigraay mirgoota isaa ji'oota saddeet darban sarbaman deebifachaa jira, kan hafanis guutummaatti harkatti galfachuuf qabsoo itti fufaa jedhan Hogganaan garee TPLF Dabratsiyoon Gabramikaa'el (PhD). Sadaasaa darbe waraana mootummaa federaalaa fi humnoota TPLF, kan motummaan federaalaa shororkeessaa jedhuun, gidduutti eegalame hordofee teessoo mootummaa naannoo Tigraay kan taate Maqalee gadhiisee kan bahe mootummaan naannichaa, ji'a saddeet booda torbanoota dura humni waraanaa mootummaa federaalaa dhukaasa dhaabee naannicha erga gadhiisee iddootti deebi'eera. Pireezidantii naannichaa kan turan Dabratsiyon Gabramikaa'eel (PhD) ibsa Kamisa miidiyaalee dhaaba isaaniitti dhiyeenya qabaniif kennaniin, ji'oota saddeettan darban humnootni mootummaa Itoophiyaa, waaraana Eertiraa fi Milishaa naannoo Amaaraa dabalachuun uummata Tigraayirraan dararaa hamaa gahaniiru jedhan. ''Uummata Tigraay akka Sabaatti balleessuuf rasaasa, beela, miidhaa saalaa sukkaneessaa fi qabeenya barbadeessuu kan hammateen paakeejiin balleessuu ji'oota saddeetiif irratti raawwachaa tureera'' jedhan. Ta'uus uummatni Tigraay hammeenya irratti raawwateen boquun isaa cabee, hamileen isaa cabee, sodaatee kan bitamu osoo hin taane hammeenyi irra gahe kan qabsoo olaanuuf isa kakaasu waan ta'eef qabsoo isaatiin mirga dhabe deebifachaa jiraa jechuun dubbatan. ''Mirgootni isaa hafanis osoo hin sharafamiin guutummaatti harkatti deebifachuuf qabsoo itti fufaa'' jedhan. Badiiwwan ji'oota darban raawwatan keessa tokko lafa mootummaan Tigraay bulchaa ture humnaan weeraruudha jedhan Dabratsiyon. Lafa kana to'achuuf yeroo dheeraaf qophii gochaa turanii erga qabatanii boodas akka gadhiisan gaafatamanii ''humna isaaniitti abdatanii didan'' kan jedhan Dabratsiyoon, ''ammas irra deebiin lafa humnaan qabattan dafaa gadhiisaa bahaa jennaa'' jedhan.
''Yoo ta'uu baate garuu akkauma ji'oota saddeettan darbe goone qabsoofnee mirga keenya kabachiifna'' jedhan. Dabratsiyoon ergaa kana kallattiin eenyuuf akka dhaaman ifa godhaniiru. Barootaaf Mootummoonni naannoo Tigraayiifi Amaaraa lafa daangarra jiran kanneen akka Allaamaaxaa, Koram, Humaraafi kaanis kan kooti jechuun irratti wal falmaa turan. Waraanni Tigraay dhalachuun dura lafti irratti waldhaban bulchiinsa mootummaa Tigraay jalatti bulaa kan ture yoo ta'u, erga waraanni kun ka'ee booda garuu humnoonni naannoo Amaaraa duula dhaala (ristii) deebifachuu jedhuun to'ataniiru. Dabratsiyoon dhaamsa isaanii kanaan uummatni Tigraay kaleessas uummata Amaaraa akka diinaatti laalee hin beeku, har'as hin ilaalu borullee akkasumaa jedhan. Ta'us garuu hooggantootni naannichaa aangoof jedhanii uummata Amaaraa badiisa guddaatti galchaa jiruu jedhan. Uummatni Amaaraa fedha abbootii aangoo kana diiduu qaba jedhanii, "uummatni Itoophiyaas badii hanga ammaa gahe keessaa kan harka qaban seera dura haa dhiyaatan jedhaa malee humna biyya alaa affeeree badiisa dabalataaf qophaa'aa jiruuf tole hin jedhiina" jedhan. Dabratsiyoon ergaa kana kan dabarsan Raayyan Ittisa Biyyaa Itoophiyaa humnoonni TPLF murtee dhukaasa dhaabuu gama-tokkee mootummaa akka carraatti fayyadamanii haleellaa raawwachaa jiruu jechuun waraanatti deebi'uu akka danda'u wayita ibsettidha. TPLF labsii dhukaasa dhaabuu kan fudhachuu dideef, gaaffii nagaa uummanni Tigraay kaasuuf deebii kennuu waan hin dandeenyeefi kan jedhan qindeessaan ijaarsa waraanaa Rayyaa Ittisa Biyyaa Meejar Jeneraal Baacaa Dabalee yoomiifi akkamitti akka ta'e ibsuu baatanis raayyan humna TPLF haleeluu akka malu Roobii ibsa kennanniin akeekaniiru. "Raayyaan ittisaa yoomii fi eessatti haleellaa raawwachuu akka qabu murteessee irratti hojjechaa jira," jedhan.
"Raayyaan ittisaa yoomii fi eessatti haleellaa raawwachuu akka qabu murteessee irratti hojjechaa jira," jedhan. Mootummaan Naannoo Amaaraa gama isaan lafa kan kooti jedhee amaneefi erga waraanni dhalatee qabate deebisee akka hin laannee fi kanaafis humna waraanaa naannichaa hunda gara adda waraanaatti akka duulchisu ibseera. Mootummaan Naannoo Amaaraa ibsa guyyaa lama dura baaseen Ummanni Amaaraa weerara TPLF raawwachaa jiruun adda durummaa fi kallattiin kan miidhamu ta'uu eeree, 'falmiin nuti goonu dhimma jiraachuu uummata keenyaa fi birmadummaa biyya keenyaafi' jedheera. TPLF uummati Amaaraa waggoota dheeraaf gaaffii eenyummaa fi daangaa irratti kaasaa kan ture naannoolee Raayyaa, Allaamaaxaa fi Koram irra deebiin weeraree, Walqaayit Xagadee Satiit Humaraa humnaan weeraruuf yaalii gochaa jira jedheera. Kanatti dabalataan humnoonni poolisii addaa naannolee Raayyaa Ittisa Biyyaafi humnoota Amaaraa deeggaruun gara daangaa naannolee lamaaniitti bobbaafamaa akka jiran dhagaahameera. Mootummaan naannoo Oromiyaa poolisoota humna addaa isaa gara daangaa naannoo Tigraayitti kanneen ergan keessaati.
'Dhiittaan mirgoota namoomaa ji'a ja'an darban Tigraayitti raawwataman callifamee ilaalamuu hin qabu'-Aministii Internaashinaal Anga’oonni Afriikaafi addunyaa sababa waraana geggeeffameen dhiittaa mirgoota namoomaafi kabajamuu dhabuu seerota deeggarsa idil-addunyaa baatiiwwan jahan darbaniif Naannoo Tigraay goolaa ture ilaalchisuun dubbachuu qabu jedhe Aminastii Intarnaashinaal. Waraanni Sadaasa 4, 2020 erga eegalee as, namoonni kumaatamni ajjeefamanii, kuma dhibbaan kan lakkaa’aman immoo biyyuma keessa qe’eerraa buqqa’anii jiru. Kuma 60 ol ammoo Sudaaniin da’oo godhachuuf garasitti baqataniiru. Aminastii Intarnaashinaal fi dhaabbileen biroos dhiitaa mirgoota namoomaa yakka waraanaa dabalatee sarbama namummaa ta’uu malan irratti ragaa hedduu walitti qabanii akka jiran ibsa dhaabbatichi. Dubartootaa fi shammarran irratti miidhaa saalaa, gudeeddii gareedhaan ta’uun loltoota Itoophiyaafi Eertiraatiin raawwataman irrattis gabaasonni jiru jedha Aministiin ibsa isaa kanaan. ‘‘Erga lolli eegalee ji’oonni jaha darbanii, sarbama mirga namoomaa ga’eefi seeronni deeggarsaa idil-addunyaa cabuu agarsiisuuf ragaan jiraatus, Gamtaan Afriikaas ta’e Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii dhimmicha irratti deebiin kennan haala nama naasisuun ga’aa hin turre,’’ jedhani Deproos Mucheenaa, daayirektarri Aminastii Intarnaashinaal kan Bahaafi Kibba Afriikaa. ‘‘Manni Maree Nageenyaa UN haala hammaataa Tigraay keessa jiru irratti yaaddoo qabu ibsuuf yeroo itti fudhatee ture. Gamtaan Afriikaafi mootummoonni naannoo sana jiran yakka waraanaafi sarbama mirgoota namoomaa irratti raawwatameef wanti godhan badaa hin jiru.’’ Miidhama gama hundaan Mootummaan Itoophiyaa gara Tigraay deemnee himannaa sarbama mirgoota namoomaa ga’e jedhame qulqulleeffachuuf waamicha Aminastii Intarnaashinaal irraa dhiyaate fudhachuu didee, akkaataa naannicha waliin wal-qunnaman ammas ulfaataa ta’ee jira jedha Aministii Internaashinaal.
Haata’u malee, xiinxala suuraawwan saatalaayitiifi viidiyoowwan adda baasuu dabalatee, maloota garagaraatti fayyadamuun yakkoota raawwataman irratti ragaa walitti qabanneerra jedha ibsi dhaabbatichaa. Dabalataanis lammiilee naannoo Tigraayi jiraniifi baqattoota Sudaan Bahaa jiran bilbilaafi qaamaan argamuun dubbisnee jirra jedheera. Ajjeechaawwan raawwataman keessaas, Lixa Tigraayi, Maayi_Kaadraa keessatti Sadaasa 9-10 gidduutti ajjeechaa siiviilota dhibbaan lakkaa’aman irratti loltoota kan loltoota TPLF’n raawwatameera jedhameefi isa hordofuun dhalattoota Tigraayi irratti aggaammatamuun namoonni hedduun ajjeefamuufi qabeenyi saamamuufi jumlaadhaan hidhamuu gabaasonni naga’aniiru jedha, Aminastiin. Sadaasa 28-29 gidduu, loltoonni Ertiraa jiraattota dhibbaan lakkaa’aman Aksuum keessatti ajjeesuu bareen jira, kunis ‘yakka namummaa irratti raawwatamuun’ qixadha jedha. Adwaa keessattimmoo jedha Aminastiin, gaafa Eebla 12, 2021 namoota nagaa irratti adda osoo hin basin dhukaasuun nama sadii ajjeesanii 19 kan ta’an madaa’aniiru. CNN waliin ta’uun hojii hojjenneen ammoo, Amajjii 15, 2021, dhiyeenya Aksuum bakka Maahibara Degoo jedhamutti loltoota Raayyaa Ittisa Biyyaa Itoophiyaatiin namoonni ajaja mana murtii malee jumlaadhaan ajjeefamuu adda baafanneerra jedheera. Erga Tigraayi keessa akka sochoo’aniif hayyama argatanii boodallee, dhaabbileen idil-addunyaafi miidiyaaleen achi deemuun waan nuti jechaa turreefi gabaasota dhiittaa mirgoota namoomaa haaraafi hamaa ta’an gabaasaa turani. Himannaawwan kanneen keessaas, Lixa Tigraayi naannoo Humna Addaa Amaaraa fi Faannoo akkasumas milishaa Amaaraatiin to’atamee jiru keessatti duguuggiin sanyii raawwatameefi humnaan namoota kumaatama kudhaniin lakkaa’aman qe’eesaaniirraa buqqisuun ni eeramu.
Aminastii Intarnaashinaal himannaawwan kunneen ofiin adda baasuu danda’uu baatus, qorannoo geggeessuu itti fufas jedhe. Dabalataanis, dirqisiisanii gudeeduufi miidhaan saalaa wal-qabatan dubartootaafi shamarran Tigraayi irratti xiyyeeffachuun guutuu Tigraayitti raawwatamaa turaniiru. Gabaasni dhiyeenya kana eejansiiwwan UN fi dhaabbilee miti mootummaa birootiin dhiyaateen akka jedhanitti, ‘‘miidhaa dubartoota irratti ga’aa jira jedhameefi gargaarsi ammeentaa miidhaa raawwateen qaqqabaa jiraachuu hafuusaatiin hedduu akka rifatan,’’ agarsiisu. Kun akkuma jirutti, eejansiiwwan gargaarsaa akka jedhanitti, hoospitaalonniifi dhaabbileen fayyaa Tigraayi keessa jiran akka haleelamniifi saamamanidha. “Dubartoonni Tigraayi osoo addunyaan argaa jiruu miidhaan saalaa irra ga’aa jiraachuun waan haalamu miti. Hoospitaalonniifi dhaabbileen gargaarsaa akka isaan hin gargaarreef ammoo, dhiyeessiin addaan cite meeshaaleen ga’aa ta’anis hin jirani,’’ jedhani Deproos Mucheenaa. Gargaarsi namoomaa danqamuufi soda beelaa Qaamoleen waraana Tigraayi kanarratti hirmaatan hundi gargaarsa namoomaaf karaa akka saaqaniif Aminastii Intarnaashinaal wayiwaataa ture. Eebla 27 irraa kaasee jijjiiramni jiraachuu kan hime UN, ‘‘haalli Tigraayi keessa jiru ammas yaaddessaa ta’uufi qaamoleen gargaarsaa yeroodhaan gargaarsa qaqqabsiisuuf rakkaachaa jiru,’’ jedhee ture. Dhuma ji’a Bitootessaarra dhaabbanni arjoomaa ‘Médecins Sans Frontières (MSF)’ jedhamu yaaliin ergama gara Maqaleetti gochuuf ture yeroo lama haala badaa ta’een duraa dhaabsifameera. Jalqaba wayita dhaabsifamanitti, loltoonni daandii biratti namoota osoo manni murtii irratti hin murteessin jumlaan osoo ajjeesanii argani, fageenya gabaabaan boodas loltoonni konkolaataa MSF dhaabsisuun konkolaachisaa lammii Itoophiyaa harkisanii buusuun qabannoo qawweedhaan erga rukutanii booda ajjeesuuf itti dhaadatani, akka gabaasni Aminastii jedhutti.
Jalqaba wayita dhaabsifamanitti, loltoonni daandii biratti namoota osoo manni murtii irratti hin murteessin jumlaan osoo ajjeesanii argani, fageenya gabaabaan boodas loltoonni konkolaataa MSF dhaabsisuun konkolaachisaa lammii Itoophiyaa harkisanii buusuun qabannoo qawweedhaan erga rukutanii booda ajjeesuuf itti dhaadatani, akka gabaasni Aminastii jedhutti. Naannolee qonnaa Tigraayi keessa jiranirraa ummanni akka buqqa’u godhamuun, midhaan maasiirra ture barbaadaa’uufi kan kuusaa keessa ture saamamuun isaanii, UN fi qaamoleen biroos hanqinni nyaataa ‘‘hammaataan’’ mudachuurra darbee, beelli mudachuu danda’a jechuun akeekkachiisaa turani. Kun osoo jiruu, hokkoriifi walitti bu’iinsi keessumaa Naannolee Amaaraa, Beenishaangul Gumuz fi Oromiyaa keessatti namoota siiviilii irratti aggaammates yaaddeessaadha jedheera ibsi dhaabbata mirga namoomaa kun. Naannoo Amaaraatti iddoowwan Cilgaa, Godina Shawaa Kaabaa fi Godina Addaa Saba Oromoo keessatti haleellaawwan mudataniin alatti, Beenishaangul Gumuz Godina Matakalitti haleellaan hidhattootaan raawwatameera. Godinaalee Lixa Oromiyaa keessattis Sadaasa 2020 irraa kaasee hidhattoonni dhalattoota Amaaraa irratti haleellaa raawwachaa turani jedheera gabaasichi. “Qorannoon walabaa idil-addunyaa geggeeffamee himannaan sarbama mirgootaa qaamolee hindaan raawwatamaniiru jedhaman adda ba’uun, warreen balleessan seeratti dhiyaatanii yeroo itti aanuuf wanti akkasii iddoo akka hin qabne ittiin barsiisuun barbaachisaadha,” jedhani Deproos Mucheenaa. “Haata’u malee deebiin idl-addunyaa akkuma kanatti qabbanaa’ee itti fufa taanaan, haalli hammaataa amma jiru daran itti fufee to’annoon ala carraan itti ta’uuf malus nijira,” jedhaniiru daayirektarri kun.
Lola Tigraay Itoophiyaa: Baatii tokko dura Maayikaadiraatti wanti ta'e maali? Magaalaa Kaaba-Dhiha Itoophiyaa Maayikaadiraatti ajjeechaan jumlaa lubbuu namoota 600 olii galaafate kan raawwate ji'a tokko har'aa ture. Gartuuleen mirgoota namoomaa namoonni haleellaa irra gaheen ajjeefaman 600 ol ta'uu akka malu ibsaa turan. Ajjeechaan kun raawwatee hanga ji'a guutuutti BBCn jiraattota magaalattii qunnamee waan mudate hubachuu hin dandeenye. Amma malooti qunnamti akka telefoonaa fi intarneetii gariin deebi'ee jennaan jiraattota dubbisuu dandeenyeerra. Haleellaan lubbuu namoota dhibbaan lakkaa'amanii galaafate kun kan eegale A.L.I Onkoloolessa 30 waaree booda sa'aatii 9 irratti yoo ta'u hanga ganama guyyaa itti aanuutti itti fufe. *** Tirfaay Girmaay dhalattuu Tigraay yoo taatu nama sabaan Amaara ta'etti heerumtee waggoota 12f Maayikaadiraa keessa jiraatte. Ilmoo tokko waliin qabu. Abbaan warraa isii kan hojii qonnaa hojjetu harmee isii dabalatee maatii kan jiraachisu isa. Waggaa 12 achi jiraatte keessatti taatee akka gaafasii takkaahuu argitee akka hin beekne dubbatti. Abbaan warraa isii fi maatii isii jiraachisaa ture gara jabinaan mana isaa fuula duratti ajjeefame. "Abbaan warraa koo nama tokko hin ajjeesne, waanuma Amaara ta'eef na duraa ajjeesan jedheen yaada" jetti. Ofiin rakkoo fayyaa akka qabdu ka himtu Tirfaay, duuti abbaa warraa isii jireenya isii akka gogoleesse himti. Haadhaa fi daa'ima isii jiraachisuuf maal gootu wallaaluu isii dubbatti. *** Jiraattuun Maayikaadiraa biroo haleellaadhuma wal-fakkaataan abbaa warraa isii dhabuu himti. "Jalqaba akka balbala keenya cufannu nutti himamee ture, ta'us dhufanii nu bansiisanii warraa dhiiraa baasanii ajjeesan" jechuun gaddaan dubbatti.
"Waaree booda sa'aatii 11 irratti dargaggoonni gareen dhufanii abbaa warraa koo fi obboleessa isaa ajjeesan" jetti Yashiin. "Ana osoo hin taane abbaa warraa koo akka barbaadan natti himan. Wayita isaan abbaa warraa koo ajjeessan anis ijoolleen koos ilaalaa turre," jetti. "Yeroos boo'aan ture, akka malee rifadhee waanan tureef nan boo'e. Gariin isaanii anas "ajjeesi" waliin jechaa turan, kaan lubbuu na oolchan," jetti. Dargaggoonni kunneen qabeenya mana keessa ture tokko tokko fudhachuullee himti. Yashiin abbaa warraa ishee Ayyenew Mulaatuu waliin ganna 10 oliif waliin jiraatan. Ijoollee lamas horataniiru. "Ishiin xiqqoon naaf gamsiifte, halkan qixxee kaatee 'meerre abbaan koo?' naan jetti" jetti Yashiin. "Erga abbaa warraa koo ajjeesaniin duuba, waa'ee jireenya kooti yaaduuf humnan dhabe. Gadda hamaan qalbiin na cabde. Waan raawwate jechaan ibsuun rakkisaadha." *** Xilaahun Attaalaay Maayikaadiraa keessaa ollaa Gimb Sefer jedhamu jiraata. "Gaafas mishingaa calleessuuf qophii gochaa osoo jirruu, guyyaa keessa naannoo sa'aatii 7 namoonni gareen gara mana keenyaa dhufanii waraqaa eenyummaa keenya nu gaafatani" jedha. "Saba keenya mirkaneeffachuuf jedhaniiti natti fakkaata" jedha Xilaahun. "Sa'aatii 8 irratti dargaggoonni magaalattii keessatti hiriira bahanii, achi booda sanumaan gara haleellaatti cehan." Mana manarra deemuu gaafa eegalan, "Dubartootaa fi daa'imman akka hin miine dhageenye. Kanaaf anii fi obboleessi koo baaxii keessa dhokanne. Nu barbaadanii nu dhabnaan deeman," jedha. Galgala sa'aatii 1 fi yeroo sadaffaaf 1:30 irratti deebi'anii mana isaa sakatta'uuf yoo dhufan daran rifachuu hima Xilaahun.
"Yeroo kanatti haadha warraa obboleessa kooti gadi baasanii albee itti baafatan. 'Abbaan warraa kee eessa akka jiru nutti hin himtu taanaan, daa'ima kee ajjeefna' jedhaniin. Daa'ima fuudhuuf yoo jedhan dura gortee "dura ana ajjeessaa" jetteen." Yeroo kana Xilaahun baaxii manaa keessa dhkatee obboleessa isaa waliin dhageeffataa ture. Obboleessi isaa daa'imaa isaa ajjeesuuf jennaan miira isaa to'achuu dadhabee iddoo dhokatee bahee dhaqe. Hanga lubbuun isaa baatutti reebanii ajjeessan, haati warraa isaas miidhamteetti jedha Xilaahun. "Gareen Samrii jedhamu mana manarraa naanna'aa ture dargaggootaa 150 ol turan. Milishaan hidhatee fi poolisiinis waliin turan," jedha. Ajjeechaa qofa osoo hin taane qabeenya saamuunis akka ture hima Xilaahun. Ajjeefamuu isaan guyyaa muuraasa dura obboleessi isaa Saliixa gurguratee qarshii 90,000 manaa qaba ture. Dargaggoonni wayita haleellaa sana raawwatan maallaqa sanas fudhataniiru jedha. *** Adde Hadaas achuma jiraattu ollaa Gimb sefer jedhamuuti. Abbaa warraa isii Birhaanuu waliin ganna 17 waliin jiraatan, ijoollee sadii qabu. Abbaan warraa isii namoota 600 ol haleellaa kanaan ajjeefaman keessaa tokko. "Guyyaa sa'aatii 6 irratti dhufanii SIM kaardii fi waraqaa eenyummaa isaanii adda baafatan. Ajjeechaan kan raawwate sa'aatii 9 irratti," jetti Hadaas. Namoonni warra ajjeechaa kana raawwatanitti mana namaa itti agarsiisan waliin turan jetti. "Abbaan warraa koo milishaa ture, hidhannoo irraa hiikanii ajjeesan" jetti. Maatii isii keessaa namni miidhaannirra gahe biraan magaalaa Gondar keessatti yaala argachaa akka jiru himte. "Guyyaa itti aanu nus nu ajjeesuuf turan garuu humni waraanaa gahee lubbuu nu baraare. Warri ajjeefaman guyyaa lama booda Sadaasa 2 awwaalaman," jetti.
*** Gabramasqal Mangistuu jiraataa Maayikaadiraa yoo ta'u invastimantii qonnaa irratti bobba'ee hojjeta. Yeroo haleellaan kun raawwatu achi akka turee fi waan ta'e jalqabaa hanga xumuraa arguu hima. Ajjeechaa kana dura dargaggoonni 40 hanga 50 ta'an bakka tokkotti walitti qabamuu hima Gabramasqal. Yeroos jiraattonni magaalatti maaltu akka ta'aa jiru quba hin qaban, booda wayita dargaggoonni kun nama ajjeesuu eegalan, jiraattonni maltu akka ta'aa jiru ilaaluuf gadi bahanii achumaan ajjeefaman jiru jedha. Akka Gabramasqal jedhutti kanneen ajjeechaa kana raawwatan jalqaba hojjettoota hojii humnaa irratti xiyyeeffatan. "Dura hojjettoota hojii humnaa haleelan, kunis booda wayita mana manarra deemanii ajjeesuu eegalan, hojjettoonni kun akka hin dirmanneefi" jedha. "Hojjettoonni kunneen bakka tokko waan jiraataniif haleellaa kana booda reeffa 20 gahu mana tokko keessaa argameera," jedha. Itti dabaluunis hanga yeroo dhiyootti reeffa awwaalaa akka turan hima. "Durumas akkana hammaataa hin turre malee magaalattii keessa darbee darbee rakkoon ture," jedha Gabramasqal. "Kuni garuu balaa hamaa hin eegamnedha" jedha. Haleellaan kun miira magaalattii jijjiireera jedha Gabramasqal. "Namoonni hedduun gara jabinaan ajjeefamuu dagachuun rakkisaa ta'a" jedhe. *** Wal-dhibdeen yeroo dheeraaf mootummaa federaalaa fi TPLF jidduu ture Onkoloolessa 24 A.L.I haleellaa mooraa waraanaa ajaja Kaabaa irratti raawwatame hordofee gara waraanaatti cehe. MM Abiy raayyaan ittisaa tarkaanfii waraanaa akka fudhatu ajajanii torbee tokko booda ajjeechaan Maayikaadiraa kan uumame. Ajjeechaan kun uumamee guyyaa lama booda suuraa fi viidiyoowwan marsaalee hawaasaa irratti mul'achuu kan eegalan. Dhaabbanni mirgoota namoomaaf falmu jiraattota magaalattii dubbisuun gabaasa baaseen ajjeechaan kun xiyyeeffannoo argachuu eegale.
Dhaabbanni mirgoota namoomaaf falmu jiraattota magaalattii dubbisuun gabaasa baaseen ajjeechaan kun xiyyeeffannoo argachuu eegale. Booda Komiishiniin Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa gabaasa baaseen namoonni ajjeefaman 600 akka ta'an hime. Haleellaan kun saba adda baasuun kan raawwate ta'uus akeeke. Akka Komiishinichi jedhutti ajjeechaa kana kan raawwate garee dargaggootaa Saamrii jedhamu yoo ta'u milishaa fi poolisii Tigraay raayyaa ittisaa jalaa dheessaa jiruun deeggarameeti. Haa ta'u malee dhalattoonni Tigraay gara Sudaan baqatani fi haleellaa kanaan miidhamuu himan, garee Faannoo jedhamuu fi milishaa naannoo Amaraan haleelamuu himatu. Mootummaan federaalaa Itoophiyaa ajjeechaa Maayikaadiraa kanaaf TPLF yakke. Hogganaan TPLF Dabratsiyoon Gabramikaa'el garuu ajjeechaa kana raawwachuu haalanii, qaamni walaba ta'e akka qoratu gaafatan. KOmiishinarri mirgoota namoomaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii Misheel Baachileet ajjeechaan kun akka qoratamu gaafatanii, "ajjeechaan kun kan mirkanaa'u yoo ta'e, yakka waraanaa ta'uu mala" jedhan.
Lola Tigraay Itoophiyaa keessaa: MM Abiy humnoonni Tigraay keessaa harka akka kennatan yeroo 'xumuraaf' sa'aatii 72 kennan Ministirri Muummee Itoophiyaa Abiy Ahimad, wayita loltoonni gara magaalaa Maqaleetti qajeelaa jiran kanatti humnoota Tigraay keessa jiraniin harka kennachuuf sa'aatii 72 kennan. MM Abiy hogganoota TPLFn ''aduun keessan lixaa jirti'' jechuun harka akka kennatan ergaa dabarsan. Gaarreeniin ka beekamtu naannoo Tigraay kan bulchu Adda Bilisa Baasaa Uummata Tigraay (TPLF), haga dhumaatti nan falmadha jechuun irra deddeebiin hima. Lola kanaan haga ammaa dhibbaan kan lakkaa'aman yogguu lubbuu dhaban, kumaatamni buqqa'aniiru. UN lolli kun hawaasarratti rakkoo namoomaa geessisa jechuun akeekkachiiseera. Guyyootaan duras waraanni Itoophiyaa jiraattota Maqalee 500,000 tahanif ergaa dabarseen, waraanni magaalattii ''marsuun meeshaalee waraanaa jajjabootti waan dhimma ba’uuf'' lammiileen akka of eeggatan akeekkachiisi kennameera. ''Gama kanaan dhiifamni hinjiru,'' jedhan dubbi himaan waraanaa. Hogganaan TPLF fi bulchaan naannichaa Dabratsiyoon GabraMikaa'el Rooyitarsitti akka himanitti, humnoonni isaanii adeemsa waraana federaalaa irratti gufuu ta'aa jira jedhan. ''Dambaliiwwan garagaraa ergaa jiranis, tasumaa hin milkoofne,'' jechuun Rooyitarsitti himan. Gama kaaniin, buufanni xiyyaaraa magaalaa Aksuum hidhattoota TPLF'f amanamoo ta'aniin diddigame jechuun qondaaltonni Itoophiyaa himaniiru. Himannaa dhihaatef gama TPLF'n wanti ibsame hin jiru. Sababa tajaajilli telekoomii cite jiruufis qaama walabarraa mirkaneessuun hin danda'amne. Mootummaan federaalaa akka jedhetti magaalota gurguddoo naannichaa kanneen akka Aksum, Adwaa fi Addigraat fa'i to'achuu beeksiseera.
Haatahu malee, erga lolli waraanaa kun eegalee as qunnamtiin adda cituu isaatiin, odeeffannoo kana qaama walabarraa mirkanneessuu daran cimaa taasiseera. Ibsa guyyaa Dilbataa baheen MM Abiy hogganoota TPLFn: ''Deemsa badii keessanirratti aduun dhihaa jirti, akkasumas bakka keessaa bahuu hin dandeenye keessa galuu keessan amantanii, sa'aatiiwwan 72 ittaanan keessatti nagayaan harka akka kennitan isin gaafanna. Carraa dhumaa kanatti itti fayyadamaa,'' jedhan. Kana malees humnoonni naannichaa ''nagaan harka kennuu'' akka qabaniifi jiraattonni Magaalaa Maqalee ammoo waraana mootummaa deeggaruun ''garee gantootaa kana seeratti dhiyeessuuf'' shora akka taphatan gaafatan. Jimaata dabre, Pirezidantiin Afrikaa Kibbaafi dura taa'aan Gamtaa Afrikaa Siiril Raamaafosaa, haala lolli kun itti xumura argatuuf jaarsummaa akka taa'aniif, pirezidantota duraanii Afrikaa sadii muuduu ibsan. Haa tahu malee, Itoophiyaan yaada kana kuffisteetti - oppireeshiniin kun dhimma keessoo fi ''seera kabachiisuuti'' jechuun. ''Yakkamtoota waliin hin mari’annu. Teenyee waliin mari’anna osoo hin taane qabnee seeratti dhiyeessina,'' jechuun gorsaan olaanaa Ministira Muummee Abiy, Obbo Maammoo Mihratuu BBC’tti himan. "Obboloonni keenya Afriikaa yoo TPLF irratti dhiibbaa uumuun harka kennachiisan, ga’ee olaanaa gumaachuu danda’u. Kanaaf ammoo eenyuyyuu gara Maqalee imaluu hin barbaachisu.'' Obbo Mihiratuun akka jedhanitti, dureewwan duraanii biyyoota Mozaambiik, Laayibeeriyaafi Afrikaa Kibbaa guyyoota muraasa keessatti biyyattii gahan, gara Maqalee imaluu hin danda’ani - oppireeshiniin waraanaa gaggeeffamaa waan jiruuf. Erga lolli Tigraay eegalee as malli qunnamtii fi geejjibi ugguramee jira. Gorsaan MM Abiy kun dabalanii ''mootummaan ejensiiwwan UN qarqaarsa barbaachisu uummata Tigraayif akka dhiyeesssaniif,, waan godhu mara gochaa jira,'' jedhan.
Gorsaan MM Abiy kun dabalanii ''mootummaan ejensiiwwan UN qarqaarsa barbaachisu uummata Tigraayif akka dhiyeesssaniif,, waan godhu mara gochaa jira,'' jedhan. Dhaabbileen gargaarsa kennan naannawa lolli itti gaggeeffamaa jiru ga’uu hin dandeenye. Erga lolli eegalee ammoo lammiileen dhiibbaan lakkaa’aman ajjeefamuu akka hin oolle dubbataa jiru. Haga ammaatti lammiileen 33,000 ta’an daangaa ce’uun Sudaanitti baqataniiru. Lolli kun haga ji’oota ja’an itti aananiitti yoo itti fufe, lakkoofsi baqattootaa dabaluu yaaddoo kan qabu UNHCR, haga namoota 200,000’f simachuu akka danda’utti haala mijeessaa jiraachuu hima. Baqattoonni gara Sudaan seenan kan dabalan yoo ta’e ammoo, darbee biyyattiis tasgabbii dhorkuu danda’a yaaddoo jedhu ibseera UN. Sababni isaa ammoo Sudaan durumaanuu baqattoota biyyoota Afriikaa garaagaraa irraa garas imalan miiliyoonaan lakkaa’aman keessummeessaa waan jirtuuf. Baqattoonni Sudaan seenaa jiran irra jireessaan ijoolleedha jedha UN. Lammiileen deeggarsa barbaadan kumaan lakkaa’aman kanneen Itoophiyaa keessa iddoo adda addaa jiran qaqqabuuf, nagaan bu’uun dirqama jedhu dhaabbileen deggarsaa. Dhaabbileen qarqaarsaa nyaataafi dawoo namoota daangaa cehaniif doolaara miiliyoona 50 gaafachaa jiran.
Dirreen Education City jedhamuufi deeggartoota Morookoon guutame yeroo taphi xumuramu gammachuu guddoo ibsan.
Itoophiyaan hiree waancaa Afrikaa 2022 irratti hirmaachuu bal'ifatte Gareen kubbaa miilaa biyyaalessaa Itoophiyaa tapha kaleessa Madagaaskaar waliin taphate irratti goolii afur galchuun erga mo'atee booda carraa dorgommii waancaa Afriikaa irratti hirmaachuuf qabu bal'ifateera. Tapha gulaallii dorgommii waancaa Afriikaa kanaan, ammaan booda Itoophiyaaf tapha tokkotu hafaaf. Gareen biyyaalessaa kun yeroo ammaa garee waliin ramadame dursaa kan jiru yoo ta'u, tapha itti aanu Kootdivuwaar waliin taphatan yoo mo'atan waancaa Afriikaa waggoota dheeraaf irraa fagaatanii turanitti deebi'uuf hiree argatu. Gareen kubbaa miilaa Itoophiyaa kun kaleessa waaree booda Isteediyamii magaalaa Baahirdaaritti argamutti tapha Madagaaskaar waliin taphatan goolii hedduu 4 fi 0n mo'achuun garee keessa jiran dursuu eegalan. Garee Itoophiyaan keessa jirtu keessa kan jiran Kootdivuwaar fi Niijeer bor kan taphatan yoo ta'u, hanga bu'aan taphichaa baramutti Kilabiin biyyaalessaa Itoophiyaa garecha qabxii 9'n dursuu itti fufa. Tapha gulaallii dorgommii waancaa Afriikaaf Kootdivuwaar, Niijeer fi Madakaaskaar waliin kan ramadamte Itoophiyaan, tapha jalqabaa Madakaaskaar waliin taphataniin goolii tokkoo fi zeeroodhaan mo'atamtee turte. Achii booda tapha isteediyamii magaalaa Bahardaaritti Kootdivuwaar waliin taphataniin goolii lamaa fi tokkoon mo'atteetti Itoophiyaan. Isa booda gara Niijeer deemuun kan taphatan gareen kubbaa miilaa Itoophiyaa tokkoo fi zeeroodhaan mo'atamanii deebi'an, marsaa lammaffaarratti garuu Itoophiyaan sadii fi duwwaadhaan mo'atte. Walumaagalatti taphoota shan taphatan keessaa lama mo'amuun sadi ammoo mo'achuun qabxii sagal sassaabbataniiru. Taphi bor Niijeer fi Kootdivuwaar taphatan kan eegamu yoo ta'u, Kootdivuwaar yoo mo'atte Itoophiyaan sadarkaa lammaffaarra taati.
Taphi bor Niijeer fi Kootdivuwaar taphatan kan eegamu yoo ta'u, Kootdivuwaar yoo mo'atte Itoophiyaan sadarkaa lammaffaarra taati. Yoo Niijeer mo'atte yookiin ammoo yoo walqixa ba'an garuu Itoophiyaan garecha dursuu itti fufti. Gareen waaliyaa tapha isa xumuraa Kootdivuwaar waliin kan taphatu ALI Bitootessa 21, 2013 yoo ta'u, taphni Niijeer fi Madagaaskaar waliin taphatanis kan eegamuudha. Itoophiyaan Kootdivuwaar'n kan mo'attu yoo ta'e tapha dorgommii waancaa Afriikaa Kaameeruun qopheessitu irratti hirmaachuushee ni mirkaneeffatti. Yoo qixa baate yookin ammoo mo'amtees, Madagaaskaar Niijeeriin kan injifatamtu yoo taate hiree darbuu qabdi. Sababa weerara koronaavaayirasiif jecha kan ture taphni waancaa Afriikaa 33ffaan bara kana ture gaggeeffamuun irra ture kan bara dhufutti dabarfame. Haga ammaatti biyyoonni shan Kaameeruun, Senegaal, Tuuniiziyaa, Maalii fi Aljeeriyaan darbuusaanii mirkaneeffataniiru.
'Liiverpuul maaliif Maanchister Yuunaayitidiin akka mo'uuf deeggaru beektaa? '- Marfii Amma caalaa yeroon gara Anfiilditti deemuuf mijatu Maanchister Yuunaayitidiif kan jiru miti, jedha xabataan duraanii Liiver Puul Daanii Marfii. Sababiin inni jalqabaa akka durii deeggartootni dirree keessa hin jiran. Kan biraan ammoo Liverpuul sarar ittisaa irra miidhama taphattoota baay'ee qaba. Haatahu malee, booda kana gara galchii baay'ee lakkofsisuutti deebi'aniiru. Yeroo Maanchister Yuunaayitid ilaaltus,- Gahumsa gaariin taphachuu, taphoota mo'achuu fi Liiverpuuliin qabxii sadiin caalanii gara dorgommichaatti deemuu isaaniiti. Kanaaf isa durii caalaa ofitti amanamummaa guddaan dorgommii kanaaf dhiyaatu jedhamee eegama. Sababa koroonaavaayirasiin deeggartoota malee kubbi miilaa itti fufus tapha akka kanaa cimaan deeggaraa malee gaggeeffamuun isaa waan addaati. Sadarkaa isaan lamaan amma Piriimer Liigii irratti qaban yoo hafeyyuu Maanchister Fi Liiverpuul morkii seenaa adda tahe qabu. Kana irratti kilebootni lamaan liigicha keessaa sadarkaa 1ffaa fi 2ffaa irra jiraachuun isaa ammoo dorgommicha akka abidda irratti boba'aa naquu taasiseera. Tarii ani deeggaraa Liiverpuul tahee morkii kilaboota lamaanii hundaa beekee waanan guddadheef tahuu danda'a. Garuu yeroo tapha akkasii taphannu torben dorgommichatti geessu miira addaa qaba ture. Shaakala irrattis namni kamiyyuu garee taphattoota filatamaniitti dabalamuuf jecha morkii hundaa taasisa ture. Gaafa taphni gahu miirri dirree keessa jiru fedhi deeggartoota qofa tapha guddaa waggicha keessa gaggeeffame tahuu isaa waan sitti himu qaba. Maal akka tahe hubachuuf muuxannoo isaa argachuu qabda. Miirrii fi dhiibbaa inni taphattoota irratt qabus jechootaan ibsuuf ni ulfaata.
Anaaf miira ajaa'ibaa kenna. Garuu taphni Dilbataa kun deeggartootni bakka isaanii waan hin jirreef isa barame irraa adda taha. Liiverpuul dirree isaa irratti deeggartoota malee taphachuun rikardii gaarii qaba. Tahus garee morkataaf faaiydaa xiqqoo waan qabu natti fakkaata. Maanchister kan amma gahumsa guddaa irra jiruuf ammoo ofitti amataa guddaa waan kennu natti fakkaata. Leenjistootni lamaan taphattoota filachuuf carraa bal'aa kan qaban tahus Soolshaayer harka caalaa filannoof carraa taphattoota bal'aa qaba. Kiloop ittisa irratti Yoel Matipin Faabiniyoo waliin taphachiisuuf miidhama irraa bayyaannachuun tapha kanaaf gahaa tahuu Matip eegaa jira. Yoo kuni hin taane garuu Kiloopp garee guddattotaa keessaa nama tokko ykn ammoo Yoordan Hendersan sarara ittisaa irra taphachiisuu danda'a. Kanaaf sababa guddaa kan tahe taphataa cimaan Liiverpuul Virjil Vaan Daayik fi Joy Gomez miidhamuu isaaniiti. Soolshaayer filannoo bal'aa qabaatus sarara gidduu irra garuu bakka filannoo taphattootaa irratti murtoo isa barbaadudha. Pool Poogbaan Nemaniyaa Maatich waliin Kibxata darbe haala gaariin taphate. Skot Toominee fi Fireed ammoo taphoota gurguddoo irrattibara kana filannoo jalqabaa leenjisichaa turan. Man Yuunaayitid yoo tapha kana mo'ame deeggartoota kilabichaa irraa dhugumaan qeeqa guddaan isa mudata. Isa kaan caala kana mo'achuu isaa barbaadu. Garuu taphattootni isaa gahumsa gaarii irra jiru. Gareen lamaan jalqaba of eeggannoo yaada jedhu dhiisuun bilisaan taphatu jedheen yaada. Taphni kun akka isa duraan Maanchister Siitii fi Yuunaayitid waliin taphatanii sana hin tahu. Taphni sun baayyee nama jibbbiiisa ture. Liiverpuul gahumsa guddaa irra tahuu isaa kan itti mirkaneessuu fi Maanchister ammoo morkataa cimaa bara kanaa tahuu isaa kan itti ilaalu taha jedheen yaada.
Liiverpuul gahumsa guddaa irra tahuu isaa kan itti mirkaneessuu fi Maanchister ammoo morkataa cimaa bara kanaa tahuu isaa kan itti ilaalu taha jedheen yaada. Garuu ammas Liiverpuul waan mo'atu natti fakkaata. Ana keessaa miirri jaalalaa fi deeggarsaa Liiverpuul akka dubbatu beekamaadha. Tapahataa cimaan Maanchister Yuunaayitid Buruunoo Fernaandez morkataan kee yoomiyyuu gahumsa kee irra akka jiraatu hin barbaaddu. Kanaafuu Liiverpuuliin mo'achuuf taphanna jedhe. Erga Aleeksi leenjisaa Man Yuunaayitid tahee hojii eegalee waan caawwan 13 yoo mo'atu Liiverpuul waancaa Piriimer Liigii mo'atee hin beeku ture. Turtii waggaa 30 booda Kilooppi jalatti waan caa Piriimer Liigii mo'achuu danda'an. Sir Aleeksi Fergusan waan hundumaa mo'achuuf jalqaba Liiverpuul mo'achuu qabna ejjennoo jedhan qabu ture. Manguddoon ganna 79 Fergusan tibbana turtii leenjisaa duraanii Liiverpuul Keenii Daagilish fi leenjisaa garee biyyaalessaa Ingilaandi Gaare Saawuzgeet waliin taasisan irratti gahumsi Liiverpuul dhiyeenya kanaa ''bagan soorama bahe na jechisisa'' jedhan. Leenjistootni kunneen qorannoo dhibee sammuuf kan oolu deeggarsa walitti qabaa turan. Maanchister Yuunaayitid walumaagala waancaa 20 yoo mo'atu Liiverpuul ammoo 18 mo'ateera.
Amma lamaan isaaniiyyuu bilisaan socho’uu danda’u.
Chaampiyoonsi Liigii: Taphoota kaleessa taphatamaniin Liivar Puul injifatameera Kaleessi taphoonni Chaampiyoonsi Liigii Awurooppaa taphatamaniiru Tapha kaleessa Liivar Puul Atileetiikoo Maadriid waliin tapahateen goolii Saawul Niguu'eez galcheen 1 - 0 injifatameera. Tapha kanarratti Atileetiikoo Maadiriid dhiibbaa godhee kan taphate yoo ta'u taphatoonni Liivar Puul akka Mo Saalaa fi Joordan Heendarsan kilabiisaaniitiif goolii galchuu hin dandeenye. Leenjisaan Liivar Puul kan ta'an Kiloop Saayidoo Maanee fi Saalaa Diivook Oriigii fi Aleeksi Oxlaadee Chaambarliiniin jijjiiranis eenyullee jijjiirama fiduu hin dandeenye ture. Taphni deebii Bitootessa 11 guyyaa Roobii taphatama. Taphataan Atileetiikoo Maadiriid Toomas Paarteeyi taphataa cimaa taphichaa ture. Leenjisaan Liivar Puul Kiloop taphichaarratti yaada kennaniiru: "Qabxii irratti rakkoo hin qabu. Injifannoo guddaa waan ta'eef Atileetiikoorraa fuulaa hedduu argeera ta'us garuu kun kan xumuraa miti. Miirri natti dhagahamu isa kana qofadha." Leenjisaan Atileetiikoo Diyeegoo Simoonee akkas jedhan: "Kilabiin cimaa addunyaa kanaa as dhufeera, nutis immoo isaan injifanneerra." Tapha gama biraatiin immoo kilabiin Jarman Doortumand immoo kilabii Faransaay kan ta'e PSG 2 - 1 injifateera. Haaluma Kanaan ramaddii A jalatti PSG'n qabxii 16 yoo dursu Riyaal Maadiriid immoo qabxii 11 lammaffaadha. Ramaddii B jalatti Baayer Muunik qabxii 18 ramaddicha dursaa kan jiru yoo ta'u Tootanaham immoo qabxii 10 lammaffaarra jira. Maanchister Siitii, Juuveentus,Liivar Puul, Barseeloonaa, 'RB Leipzig' fi Vaalensiyaan wal duraa duubaan qabxii 14, 16, 13, 14, 11 fi 11 ramaddiisaanii dursaa jiru.
Maanchister Siitii, Juuveentus,Liivar Puul, Barseeloonaa, 'RB Leipzig' fi Vaalensiyaan wal duraa duubaan qabxii 14, 16, 13, 14, 11 fi 11 ramaddiisaanii dursaa jiru.
Yaada Mesuut Oziil irratti odeeffannoowwan dabalataa:
Afaanonni kunneenis Afaan Oromoo, Amaaraa, Siwaahilii, Somaalee, Ingiliffa, Tigiriffaafi Walaayittaadha.
Talaalliin beeyladootaa daangaa qaxxaamuru Booranatti kennamuu eegale Daangaa Keeniyaafi Itoophiyaatti dhibeewwan daddarboo beeyladootaa ittisuuf sagantaan talaallii daangaa maleessaa talaallii marroo lammataa kennuu eegale. Sagantaan kun gama Itoophiyaan godina Booranaa aanaalee Mooyyaaleefi godina Kibba Oomoo aanaa Hamar keessatti kan eegalame yeroo ta'u itti aansuun ammoo gama Keeniyaan raawwatama. Ministeerri Qonnaa akka jedhutti bu'aan misooma beeyladaa bu'aqabeessa kan ta'u nageenya beeyladootaa mirkaneessuunidha. Ministeera Qonnaa Itoophiyaatti gorsaan deetaa Ministira qabeenya beeladaafi qurxummii Dr. Yohaannis Girmaa duulli talaallii daangaa qaxxaamuruu dhibeewwan beeladaa afur irratti akka xiyyeefate BBC tti himaniiru. Waliigaltee mootummaa Keeniyaa wajjiin godhameen dhibeewwan hoolotaafi re'oota miidhan lamaafi dhibeewwan looniifi gaala miidhan irrattii ta'uu himan. Duulli kun bara 2019 kan eegale ture yeroo ta'u sababa weerara Koronaan adda citee amma deebi'ee eegale. ''Tarii nuti bineeldota gama Keeniyaan jiran qofa talaallee yoo dhiifne yookaan gama sanaanis akkasuma yoo godhan tamsa'ina dhibeewwan kanaa to'achuu hin dandeenyu,'' jedhu Dr. Yohaannis. Sababni kanaa ammoo bineeldotni kun daangaa biyyoota lamaanii qaxxaamuruunis kan socho'an ta'uu isaati. Waliigalteen akka kanaa Keeniyaa qofa waliin osoo hin taane Jabuutii, Somaaliyaa fi Sudaan waliinis kan raawwate akka ta'es himan. Duula walfakkaataa amma dura gaggeefamee turerra bineeldota hedduu talaaluuf karoorfamuus himaniiru. ''Dhibeewwan hedduun bifa weeraraanis ta'e karaa biraa yeroon itti ka'an jiru. Isa irratti hundeefneeti dhalachuu isaaniin dura ittisuurratti xiyyeeffannee kan eegalle.'' Amma kutaalee horsiisee bulaa biyyoota lamaanii hongeen hamaan mudachuu horfee sochiin jiraatus dhibeen mul'achaa akka hin jirres dubbataniiru.
Amma kutaalee horsiisee bulaa biyyoota lamaanii hongeen hamaan mudachuu horfee sochiin jiraatus dhibeen mul'achaa akka hin jirres dubbataniiru. Ministeerichi daangaa biyyoota waliigaltee waliin raawwatetti beeladoota hanga miiliyoona 5.4 karoorfateera. Qorannoo Ejensiin Istaatistiiksii gidduugaleessaa qorannoo bara kana gaggeesseen Itoophiyaan horii gaanfaa miiliyoona 61 qabdi. Dabalataanis re'oota miiliyoona 40, hoolota miiliyoona 50 fi gaala miiliyoona saddeet qabdi. Beeladootni horsiisee bultootni qaban dhibee fi haala qilleensaa badaa kan dandamachuu danda'aniidha. Haata'u malee bu'a qabeessuummaan isaanii gad-aanaadha jedha Ministeerri Qonnaa. Kana furuudhaafis gosa bineeldotaa bu'a qabeessummaa guddoo akka kennan gochuuf hojjechaa akka jirus ibseera. ''Gidduugala godina Booranaa jirutti gosa Booranaa baayyisuun, fooyyessuun hojjetamaa jira. Yeroo lakkoofsi isaanii dabalu ammoo hawaasa naannichaaf akka raabsaman ni godhama. Gara horsiisee bultoota biyyattii biroottis akka qaqqabu ta'a'' jedhu Dr. Yohaannis. Talaalliin naannolee daangaarratti eegale beeladoota guutuu biyyattii keessa jiraniifi ni kennamaa jedhaniiru. Dhibeewwan kunniin suuta badaa yeroo deeman ''dorgomtummaan gabaa addunyaa keessatti qabnu ni dabala'' jedhan. ''Dhibeewwan kun Itoophiyaa keessa jiru jedhamee yoo yaadame omisha keenya omtuu hin bitu. Ykn lakkoofsi isaa ni hir'isa. Keessumaa biyyoo guddatan hedduun dhibeewwan kana balleessuu waan dand'aniif fayyadamtoota ta'aniiru. Nuti dhibeewwan kana balleessuu waan hin dandeenyeef gabaa Awurooppaa fi Eeshiyaa qaqqabuu hin dandeenye.'' Talaalliin kun fayidaa akka biyyatti qabuun dabalataan horsiisee bultootnisbineeldota isaaniirraa fayidaa olaanaa akka argatan gargaara.
Qonnaan bulaa Niiwzilaand hoolota 226 beelessee akka du’an godhe adabame Qonnaan bulaa Niiw Ziilaand hoolota isaa 226 kunuunsa kennuu dhiisuun du’aaf saaxiluun manni murtii balleessaadha jedhe. Bineeldoti kunneen akka malee huqqatanii,dhukkubsataniifi dagatamanii turan. Qonnaa bulaa Beevaan Isikoot Taayit jedhamu ofii isaayyuu dhukkuba sammuun rakkachaafi deeggarsa gahaa argachaa hin turre jechuun abukaatoon falmaniifi ture. Gaafa Wiixataa hidhaa mana keessaa baatii sagalii fi hojii hawaasaa sa’atii 150 akka hojjetu irratti murtaa’eera. Kana booda waggaa afuriif bineeldota akka hin horsiisne dhorkameera. Lafti horsiisa bineeldotaa Taayit naannoo odola biyyattii gara kibbaa jiru keessatti hooloti baayyeen akka du’an kan beekame bara 2019tti ture. Bineeldotisaa biroos mallattoo beelaa agarsiisaa dhukkuba bineeldaan rakkachaas turan. Hoolotisaa immoo waggaa lamaaf rifeensi irraa hin haadamne ture. Qondaalotni dhimma kana hordofan dhimma kana akka foyyessu itti himanii waggaa tokko booda ilaaluuf gaafa deeman haalli bineeldota kanaa inumaa itti caalee ture. Kanumaan hooloti 226 akka du’an yoo taasifamu, bineeldoti kaan immoo akkasuma akka gurguramaniifi namoota kaaniin akka madaqfaman taheera. ‘’Yakki akkasii waan baay’inaan mul’atu miti,’’ jechuun hogganaan nageenya bineeldotaa Gireey Haarisan dubbataniiru. ‘’Qonnaan bultoonni baayyeen bineeldota isaanii sirnaan kunuunsu kan akka Taayit kanaa arginee hin beeknu,’’ jedhan. Abukaatoon Taayit Deeggarsi Baadiyyaa biyyattii qonnaan bulaa kana dhimmi kuni otoo hin mudatiin dura dubbisanii akka inni dhukkuba mukaa’uu’ (depression) dhaafa saaxilamee jiru otoo arganii isa gargaarre jedhan.
Abukaatoon Taayit Deeggarsi Baadiyyaa biyyattii qonnaan bulaa kana dhimmi kuni otoo hin mudatiin dura dubbisanii akka inni dhukkuba mukaa’uu’ (depression) dhaafa saaxilamee jiru otoo arganii isa gargaarre jedhan. Rakkoo isa mudate akka ofiisaa furu itti himuu mannaa isa deeggaruu qabu ture jedhu abukaatoon. Haa tahu malee abbaan murtii namni kuni qonnaan bulaa muuxannoo qabu gatii taheef bineeldoti otoo rakkatanii dhiisuun yakka cimaa dha jedhan. Niiw Ziilaand keessatti indaastiriin hoorsisa bineeldotaa guddaa yoo tahu, uummatni miiliyoona shan tahu bineeldota miiliyoona 26 tahan qabu.
Amala bineensotaa: Adurreen maaliif akka saree keessummaatti hin duttu? Yoo keessummaan isin miidhe, sareen guddistan callisee hin ilaalu. Adurreen keessan garuu akka saree miti, dhimma hin qabdu. Garuu maaliifi? Sababa isaa Ali Booyil akkanaan ibsa. Garaagartee sareefi adurreerratti yeroo baay'ee wanti akkanumaan dubbatamu jira. Saroonni nama ni jaalatu akkasumas amanamoodha adurreen immoo hammana akka saree nama ofitti hin dhiheessani ni jedhama. Haa ta'u malee dubbii kana kanneen adurree caalsifatanii jaalatan ni mormu. Adurreen nama jala seentee 'korrrrr' jechaa korrisuun ishee kan gammachuufi jaalalaa malee kan jibbaa miti jedhu. Akka waliigalaatti garuu qorannoon waa'ee adurree taasifame adurreen dhala namaa waliin walitti hidhinsa akka horatte agarsiisa. Adurreen sagalee nama kamuu caalaa kan abbaa isaan guddise akka adda baastuufi yeroo waamanis deebii akka kennitu akkasumas yeroo rakkoo keessa jiran gargaarsa akka irraa eegdu agarsiisa. Haa ta'u malee, qorannoo haaraa Jaappaanitti taasifameen hariiroo adurreen dhala namaa waliin qabdu walxaxaa ta'uu hubachiseera. Maloota kana dura saree qorachuuf itti dhimma bahame fayyadamuun qorattoonni adurreen akka saree miti, nama abbaa ishee guddise gargaaru diderraa dhimma hin qabdu jedha. Qorannicha keessatti abbaan ishee guddise yeroo sanduuqa wayii keessaa wayii fuudhu adurreen akka ilaaltu taasifame. Abbaan adurree guddise kuni kessummoota lama bitaafi mirga isaa bira taa'anii turan akka isa gargaaraniif gaafate. Keessummaan jalqabaa yaalii jalqabaan akka isa gargaaru, yaali lammataan immoo akka isa hin gargaarre taasifame. Keessummaan lammataa immoo osoo homaa hin dalagiin akka taa'u taasifame. Achiiti kessummoonni lamaan akka adurritti ofitti waamanii nyaata itti kennan taasifame.
Yeroo kana saayintistoonni nama kamitti adurreen kuni dursitee akka dhihaattu hordofu turan. Yeroo malli kuni saroota irratti yaalame saroonni keessummaa abbaa isaan guddise gargaaru diderraa nyaata nyaachuu didanii turan. Faallaatiin garuu adurroonni qorannoo haaraa kanaan amala adda ta'e agarsiisan. Isaan nyaatuma itti dhihaate nyaachuu malee keessummaa gargaarsa kenne irraa fudhatanii isa taa'ee ilaaleerraa nyaachuu hin dhiisne. Qorannoo kanarraa maal hubanna? Adurreen ofittuu akka taateefi akkaataa keessummaan nama ishee guddise irratti raawwaturraa dhimma hin qabdu jechuutti nu geessa ta'a. Haa ta'u malee, adurree sirriitti hubachuuf qixa dhalli namaa waa'ee isaanii yaadu osoo hin taane akkaataa isaan itti yaadan hubachuun barbaachisa. Yeroo kana goonu adurreen akka qorannoo keessatti mul'ate ofittoodha jechuun nama dhiba. Adurreen keessummonni gar tokko gargaarsa taasisanii kaanimmoo fuula dhowwachuu isaanii adda baafachuu hin danda'an. Adurreen quba namni waan tokkotti qabu akkasumas miira namni keessa jiru hubachuu dandeessi. Ta'us, hariiroo hawaasummaa keenya garuu hamma saree waan xiyyeeffannoo itti kennitu miti. Wanti ijoo biroo adurreen akka saree osoo hin taane dhalli namaa booda kanadha kan isaan madaqsu eegale. Erga madaquu eegalani asiis hamma saree baay'ee hin jijjiiramne. Sareen gosa bineensaa hoomaan adamsan keessaa dhufanis dudduubeen maatiifi sanyii adurree garuu gara caalu qofaa kan adamsanidha. Tarii namni saree madaqsuun dandeettii hawaasummaa durumaa qabu qareeraaf ta'a. Faallaatiin garuu madaqoon adurree hamma saree hin gargaarre ta'a. Sababa kanaaf adurreen guddisnu akka saree nuuf hin dhimmaman jennee murteessuuf jarjaruu hin qabnu. Maalis ta'u waa'ee adurree baay'ee jedhamus akkaataa adurreen yaaddu wanti beeknu giddugaleessaan waanuma xiqqoodha.
Maalis ta'u waa'ee adurree baay'ee jedhamus akkaataa adurreen yaaddu wanti beeknu giddugaleessaan waanuma xiqqoodha. Qorannoon gara fuulduraa taasifamuufi akkaataa adurreen nama hubattu murtaa'aa ta'uu hubachiisa ta'a. Qorannoon maalis mul'isu garuu tilmaamni keenya duraa yookiin anthropomorphism hubannoo adurree irratti qabnuf bu'uura ta'u hin qaban.
Ameerikaatti haati leenca gaaraa loluun lubbuu ilmashee oolchite Ameerikaa kutaa Kaalifoorniyaatti haati ilmashee ganna shanii miidhaa bineensa leenca gaaraa jedhamu jalaa oolchite. Daa'imni kunis manasaanii gaara Saantaa Moonikaa jiru alatti wayita taphachaa turetti, leenci gaaraa (mountain lion, cougar ykn puma) kun itti utaaluun kan qabate. Achiis mucaa kana qabee lafarra harkisaa xiqqooma akkuma deemeen, haati mucaa qaqqabdeef. Jennaan leenca kana harkumasheetiin hanga daa'imashee gadhiisutti dhooftee mucaashee harkaa buufatte. Bineensi jedhame kunis boodarra qondaalota bineensa bosonaatiin ajjeefameera. Daa'imni sunis mataafi qomasaa irratti miidhaan kan qaqqabe oggaa tahu, yeroo ammaatti hospitaala Los Anjeles keessa jirutti haala gaariirra akka jiru ejensiin oduu AFPn gabaaseera. Harmeen kun ''lubbuu daa'imashee kana dhugumaan baraarte,'' jedhan Dubbi-himaa waajjira qurxummiifi bineensotaa Kaaliforniyaa kan tahan Kaappiteen Paatrik Fooy. Ogeessi bineensota bosonaa bakkicha wayita qaqqabutti, leenci gaaraa kun bosona keessa kuruphatee gurrasaa gara duubaatti qeensuun, sagalee dhageessisaa ture jedhe waajirichi. Qondaalli kunis ''amala agarsiisaa tureenifi dhiyeenya bakka miidhaan qaqqaberraa kan ka'e'' bineensi kun isuma daa'ima kana miidhedha jechuun leencicha ajjeeseera. Qorannoon qaccee sanyii -DNA boodarra taasifames kanuma mirkaneesse - bineensa kanatu daa'ima kana miidhe. Ameerikaa Kaabaatti miidhaan leenci gaaraa namarraan gahu hagas mara kan barame miti. Akka anga'oonni jedhanitti, bineensi ajjeefame kun umuriin xiqqaadha. Akka ogeeyyiin jedhanitti, bineensi kun tarii ammallee adamoo fi nyaata barbaaduu ofiin barachaa akka jiru mul'isa jechuun CBS News'tti himaniiru.
Akka ogeeyyiin jedhanitti, bineensi kun tarii ammallee adamoo fi nyaata barbaaduu ofiin barachaa akka jiru mul'isa jechuun CBS News'tti himaniiru.
Indastirii faashinii keessatti omishaalee gatii qaqqaaliif jecha bineensonni sanyiin isaanii baduuf jedhan osoo hin hafiin adamfamaa akka jiran leellistoonni naannoo ni qeequ.
Bineensota bosonaa Itoophiyaa: Saawudiin daddabarsitoota hamaaketa boorsaatti qabatanii galuuf yaalan to'atte Humnoonni nageenyaa Saawudii namoota karaa seeraan alaan hamaaketa gara biyyattiitti galchaa turan to'annoo jala oolchaniiru. Miidiyaan Saawudii akka gabaasetti daddabarsitoonni seeraan alaa kunniin miilaan gochuun Yaman keessa karaa dheeraa qaxxaamuruun daangaa Saawudii qaqqaban. Eegdonni nageenyaa daangaarraa boorsaa jarri baatan keessatti waan sosocho'u wayii argan. Boorsichi oggaa banamu hamaaketonni keessatti argaman. Bineensonni kun biyyoota Gaanfa Afrikaarraa gara biyyoota galoo galaanaatti daddabarfamuun, akka bineensota manaa madaqfamuuf gurguramu. Miidiyaan Saawudii Al-Madina jedhamu, hamaaketoota qabaman sadan jedhee viidiyoo Youtube gubbaa maxxanseera. Warri kunuunsa bineensotaa irratti hojjetan, hedduun bineensota akkasii imala gubbaatti lubbuu dhabu jeedhu. Daldalli seeraan alaa akkasii lakkoofsa hamaaketaa biyyoota Itoophiyaa fi Somaaliyaa keessa jiru akka yaaddoo keessa seenu taasiseera. Ilmooleen hamaaketaafi leencaa Itoophiyaarraa qabamuun gara biyyoota Baha Giddugaleessaatti, Somaalilaandiin godhanii akka bahan mootummaan odeeffannoo akka qabu BBCn odeeffateera. Abbaa Taayitaa Kunuunsa Bineensota Bosonaa Itoophiyaatti, Daarektara To'annoo daddabarsa Bineensota Bosonaa kan ta'an Obbo Daani'el Phaawulos, maddi daddabarsa seeraan alaa kun baayyinaan naannoo Somaalee irraati jedhu. Maloota daddabarsitoonni naannoo sana jiran itti fayyadaman keessaa tokko, jerikaana keelloo bishaan itti waraaban keessa, ilmoolee hamaaketaa afur naqanii wayita deeman kan qabamanis jiru. Ji'atti ilmooleen hamaaketaa yoo xiqqaate afur tahan biyyaa bahuuf yoo jedhan akka qabaman ogeessi kun BBCtti himaniiru. Bineensota qabaman kanneeniifis wiirtuun kunuunsaa akka jirus nutti himaniiru.
Bineensota qabaman kanneeniifis wiirtuun kunuunsaa akka jirus nutti himaniiru. Abbaan Taayitaan kunis qaamolee garagaraa waliin qindoomuun daldala seeraan alaa kana to'achaa kan jiru tahus, daddabarsitoonni seeraan alaa yeroo yeroon tooftaa jijjiiruun isaanii danqaa guddaadhas jedhan. Warri daldala kanarratti hirmaatan daangaa Itoophiyaa keessatti ilmoo hamaaketaa tokkoof Birriin 15,000 kan kanfalamuuf yogguu tahu, gabaa gurraacha biyyoota baha giddugaleessaatti haga doolaara 10,000 yookaan Birrii Itoophiyaa 300,000 olitti gurguramu. Gabaasa amma dura BBCn hojjete keessati, hamaaketaa fi bineensota bosonaa biroo Itoophiyaarraa seeraan alaan daddabarfamuuf jedhan oolfamuun gara dhaabbta Born Free magaalaa Hoolataatti argamutti kan geeffaman jiru.
Awustiraaliyaan akkaataa fardeen qalamuuf jedhan qabaman irratti qorannoo eegalte Erga TV biyyattiin fardeen dorgommiif oolan bakka qalmaatti haala hinmalleen qabamaa jiru jedhu gabaafame booda qondaaltoonni Awustiraaliyaa qorannoo eegalan. Gabaasni miidyaa ABC jedhamu gaafa Kamisaa gadhiifame tokko, bakka qalmaa Kuwiinislaand argamutti fardeen qalmaaf qophaa'an badii irratti yoo raawwatu agarsiisa. Fardeen dorgommiif oolan biyya Awustiraaliyaatti qaluu seerri hin dhorku, haa ta'u malee bulchiinsota tokko tokkotti fardeen dorgommii yoo dhiisan nama biraatti kennuu ni eeyyamu. Gugsiin fardaa Awustiraaliyaatti beekamaafi indasitirii galii guddaa argamsiisudha. Qondaaltonni mootummaa dorgommii waqtii Birraa taasifamuf dura gabaasa miidiyaan darbe kanaan gadduu isaanii ibsaniiru. Gaafa Jimaataa, qondaaltonni Kuwiinislaand qorattoota bakka qalmaa tokkotti erganiiru. Gabaasni miidiyaarra oole fardeen gugsiif oolan 300 guyyoota 22 keessatti akka ajjeefaman eera. Gabaasni kuni viidiyoo dhoksaan yeroo fardeen rukutamaniifi haala hin taanen qabaman agarsiisu qilleensarra oolche. Gabaasichi akka jedhutti foon fardeen qalamee nyaata namaaf waan ooluf gara biyyoota Eeshiyaafi Awurooppaatti ergama. Ministeerri dorgommii Kibba Weels kan ta'an obbo Kevin Andarsan viidiyoon qilleensarra oole namoota ispoortii kana keeessa jiran ''garaacha dhukkubseera'' jedhan. Akka biyyaatti dhaabbatni indastirii gugsii fardeenii hordofu himannaan akka banamu himus fardeen dorgommii irraa ala tahan faana hordofuu akka hin dandeenye ibseera. Akka biyyaatti wagga waggaan fardeen 8,500 dorgommiin ala ta'u yookiin dorgomuu dhaabu. Kanneen keessaa, dhaabbatichi akka jedhutti, mana qalmaa kan dhaqan dhibbantaa tokko gadidha. Gareen mirga bineeldotaaf falman dhaabbati dorgommii fardeeni hordofu akkaataa ''fardeen qabaman quba hin qabu'' jechuun yeroo dheeraaf qeeqa dhiheessu.
Gareen mirga bineeldotaaf falman dhaabbati dorgommii fardeeni hordofu akkaataa ''fardeen qabaman quba hin qabu'' jechuun yeroo dheeraaf qeeqa dhiheessu. Dorgommii gugsii fardeenii Birraa keessa Awustiraaliyaatti taasifamu namoota kuma hedduu ta'utu hordofa.
Fakkeenyaaf bineensi kun ilmoo ishee waliin osoo jirtu yoo nama agarte, nyaata isaa irra nama dhorkuuf ykn immoo yoo na'e nama miidhuu danda'a.
Feesbuukiin Awustiraaliyaatti oduun akka hin qoodamneefi hin mul'anne uggure Feesbuukiin fayyadamtootasaa Awustiraaliyaa qabiyyee oduu akka hin qoodnee fi hin argine ugguruun yaaddoo odeeffannoo bu'uuraa argachuu uumeera. Lammiileen Awustiraaliyaa Kamisa ganama gaafa ka’an marsariitiiwwan oduu addunyaa fi biyya keessaa Feesbuukiirra hin jiran ture. Fuulli Feesbuukii wiirtulee fayyaa mootummaa, tajaajilli hatattamaa fi kaanillee ugguramanii turan, kanaaf boodarra dhaabbatichi dogoggoraani jedheera. Mootummaan Awustiraaliyaa uggurri kuni ‘amanamummaa’ Feesbuukii gaaffii keessa galcha jedhe. Warreen Awustiraaliyaan ala jiranis qabiyyeewwan achii maxxanfaman dubbisuu hin danda’an. Biyya Feesbuukii baati tokkoof uggurte Feesbuukiin fayyadamtoota biliyooona sadii uggure Tarkaanfiin kun seera wixinee Awustiraaliyaan dhaaboti teekinolojii qabiyyee oduudhaaf haa kaffalan jedhuuf deebii kenname dha. Dhaaboti kanneen akka Guuglii fi Feesbuuk seerichi hojimaata intarneetii hin deeggaruu, akka malee nu ‘adabee’ jedhan. Mootummaan Awustiraaliyaa seericha raggaasisuu akka itti fufu hime. Gaafa Roobiis bakka bu’oota uummataan ragga’e. ‘’Feesbuukiin kuni maqaa gaarii isaaf maal jechuu akka tahe itti yaaduu qaba,’’ jechuun Ministirri Koominikeeshinii biyyattii Pool Feechar ABC’tti himan. Tarkaanfiin Feesbuukii kuni Guugil dhaabbata oduu Rupert Murdoch’s dhaaf nan kaffala erga jedheen booda dha dhagahame. Feesbuukiin maaliif kana godha? Dhaabbanni Awustraaliyaa dorgommii daldalaa to’atu dirree dorgommii dhaabota teeknolojii fi maxxansitootaa qixxeessuufi seerichi wixiname jedha. Feesbuukiin immoo ‘kuni filannoo ulfaataa: seera hariiroo hojimaata kanaa dagate fudhachuu ykn oduun Feesbuukiirra akka hin bane dhorku gaafat’ jedhe ‘’Gadda guddaadhaan filannoo isa boodanaa irratti muruu qabna,’’ jedhe Feesbuuk.
Feesbuukiin immoo ‘kuni filannoo ulfaataa: seera hariiroo hojimaata kanaa dagate fudhachuu ykn oduun Feesbuukiirra akka hin bane dhorku gaafat’ jedhe ‘’Gadda guddaadhaan filannoo isa boodanaa irratti muruu qabna,’’ jedhe Feesbuuk. Manneetiin maxxansaa Awustiraaliyaas geessituu kamiyyuu Feesbuukiirratti akka hin maxxansinee fi hin qoodne dhorkaman. Sabaa-himaan biyaalessaa ABC fi gaazexooti The Sydney Morning Herald and The Australian hordoftoota miiliyoonaan lakkaa’aman qabu. Feebuukiin manneetiin maxxansaa Awustiraaliyaa bara darbe doolaara miiliyoona 470 akka argatan deeggareeraa, ofii garuu galiin oduurraa argadhu guddaa miti jedheera. Seerichi qabiyyee ‘Feesbuukiin hin gaafanneef’ adabaa jiraa jedhan hogganaan dhaabichaa Awustiraaliyaa Wiiliyaam Estan.
Facebook'n gareewwan yaada siyaasaafi siviikii jajjabeessan dhaabuuf Facebook'n akka qaama tarkaanfii baay'ina odeessaalee siyaasaa namoonni maxxansan hir'isuuf taasisaa jiruun, kanaan booda yaada fayyadamtoonni gareewwan ''siviliifi siyaasaatti'' akka makamaniif jajjabeessan na dhaaba jedhe. Dhorkaan kunis tibba filannoo US torbanootaaf hojiirra oolfamee kan ture yoo ta'u, amma garuu addunyaa guutuutti imaammata dhaabataa ta'uuf. Maark Zukarbarg jijjirama kana kan ibse haasaa karaa bilbilaatiin invasitaroota waliin taasiseen ture. ''Namoonni siyaasa hinbarbaadan,'' jedheera hogganaan Facebook kun yeroo bilbilaan dubbataniitti. Haata'u malee, Gareewwan sivikii' kan jedhuun eenyuun fa'i kan ilaallatu akka ta'eefi jijjiramichi attamiin duula gaggeessitoota sadarkaa hawaasaatti argaman akka miidhuu ifaa miti. Murteen kunis tatamsa'ina odeessaalee sobaa Facebook irraatti qoodaman ilaalchiisee dhiibbaa baatiiwwaniif tureen hordofee kan darbeedha. Mr Zukarbarg akka jedhaniitti, ''hawaasni walitti dhufeenya qabaatu fayya qabeessaafi kan ilaalcha qajeelaa qabu ta'uu mirkanneessuuf barbaadame,'' jedhan. ''Akkasumas, imaammatawwan keenya yoo cabsuu baatanilleen, gareewwan kan nuti akka ummanni itti makamuuf hinjajjabeesine hedduutu jira,'' jedhan. ''Amma, gareewwan sivikiifi siyaasaa yeroo dheeraaf akka yaadawaan itti makamuuf jajabeessaniin ala akka ta'aniif karoorsineerra.'' ''Haalaa kana geeddaruuf haasaa hariiroo hawaasaa cimsaniifi kan qoqqoodiinsa jajjabeessan hir'isuuf hojiiwwan cimaa hojjataa tureerra,'' jedha Mr Zukarbargi. ''Haa ta'u malees yaadni barreessamaa ammaan kanatti hawaasa keenya irraa dhagahaa jirruus ummannii siyaasaa hinbarbaadu kan jedhuudha'' jedhaniiru. Facebook bara 2020tti gareewwan miliyoona tokkoo ol haqeera.
Facebook bara 2020tti gareewwan miliyoona tokkoo ol haqeera. Yeroo tokko tokkoos garee kaayyoo ta'eef hundeeffammee kan gara biraatti butaamuu danda'a. Kanaafis, tibba filannoo UK bara 2019tti gareewwan dhimmoota naannoo irratti mari'achuuf hundeeffamman gara waltajjii mormii siyaasaatti geeddaramnii ture jedhan. Akkasumas jalqaba baatii kanaattis, toorri UK gurgurtaa lafaa kan miseensoota 40,000 qabu tokkoo attamiin akka ''deeggartoota walabummaa haasa'uutiin duula jibba sanyii dhaabbata teknolijii guddaatiin'' akka fudhatamee ture Gaardiyaan gabaaseera. Gaaffii gareewwan sivikii akkamiituu UK keessatti hinmiidhamne gaaffii jedhuuf hanga Facebook deebii hinkenniine.
Feesbuukiin Itoophiyaatti fuulawwan Feesbuukiifi Inistaagiraamii 176 haquu beeksise Dhaabbanni Feesbuuk Itoophiyaatti fuulawwan, akkaawuntiiwwan neetiwoorkiin hojjetan, akkasumas gareewwan eenyummaa hin mirkanoofne duubaan dubbii ololaa gadhiisaniifi namoota burjaajessan jedhe haquu beeksise. Hogganaan Imaammata Nageenyaa Feesbuuk Naatinaa'el Gileecher ibsa miidiyaaleef kenneen, akkaawuntiiwwwan sobaa 176 Itoophiyaa irratti xiyyeeffachuun odeeffannoo maxxansan ugguramuu hime. Dhaabbatichi kan kana beeksise Gabaasa Amaloota Qindaa'aa waan jedhan hin fakkaanne [Coordinated Inauthentic Behavior] jechuun guyyaa Roobii baaseen. Qorannoo gaggeeffameen akkaawontii Feesbuukii 65, fuula Feesbuukii 52 fi Garee [Facebook Group] 27 fi Inistaagiraamii 32 haqamaniiru. Fuulawwan, akkaawuntiiwwaniifi gareen haqaman kunneenis Ejensii Nageenya Odeeffannoo Itoophiyaa (INSA) kan itti waamamni isaa MM Abiy Ahimad ta'etti hidhata qabu jedhameera. Sababa isaa yoo himu, fuuloonni haqaman imaammataafi danbii kaampaanichaa cabsuun odeeffannoo nama dogoggorsaniifi uummata burjaajessan waan dabarsaa turaniif. Mootummaan Itoophiyaa ammatti dhimma kana ilaalchisee waanti dubbate hinjiru Dhaabbatichi fuulawwan Feesbuukiifi Inistaagiraamii haqe kunneen tooftaa qindoomina qabuun waan dharaa ololaa turan jedhe. Fuuloonni haqaman kunneen dhimmoota wayitaawoo biyyattiifi oduuwwan biyyaalessaa irratti xiyyeeffachuun kan hojjetan tahuu himeera. Isaanis odeeffannoowwan dharaa, nama dogogorsaniifi paartiiwwan siyaasaa mormituu ceepha'an maxxansaa akka turan hime, dhaabbanni teekinolojii guddichi kun. Fuulli Feesbuukiifi Inistaagiraamii haqaman namoota INSA keessa hojjetan waliin hidhata qabaachuu adda baafadheera jedhe. Ejensiin Nageenya Odeeffannoo Itoophiyaa kun MM Abiy Ahimediin hundeeffamuun kan gaggeeffamaa tureefi itti gaafatamni isaa ammoo nageenya saayiberii biyyattii tiksuudha.
Tarkaanfiin kun yeroo biyyattiin filannoo biyyaalessaa gaggeessuuf guyyootni shan hafu fudhatame. Hogganaan Imaammata Nageenya Fesbuukii Naatinaa'el Gileecher kanneen ugguraman ''hordoftoota biyyuma keessaa irratti kan xiyyeeffatanidha'' jedhan. Namootni gochaa kana duuba jiran waliin qindaa'uun kaayyoo isaanii galmaan gahuuf fuula Feesbuukii yookaan akkaawontii sobaa fayyadamuun waa'ee isaaniifi maal akka hojjetan ilaalchisee uummata dogoggorsaa turan jedhe dhaabbatichi. Dhaabbatichi yeroo qorannoo kana gaggeessinee tarkaanfii fudhanne, ''qabiyyee isaarratti osoo hin taane amala isaaniirratti xiyyeeffanne. Namni duuba jiru eenyuyyu haa tahu, maaliyyu haa maxxansu, biyya keessa yookaan ala haa tahan,'' jedhe. Yeroo darban keessa bu'aa qorannoo amaloota qindaa'oo hin barbaachifne argannee haqaaa turre kan jedhu dhaabbatichi, haala kanaan ji'a ji'aan bu'aa qorannoo isaa maxxansuun eessatii akka fuulli Feesbuukii haqame akka namootni salphaatti baranii jijjiirama fidne hubatan gochaa turre jedhe. Dhaabbatichi ji'oota lamaan duras gabaasa walfakkaataa baaseen, fuulawwan Masrii taa'anii Itoophiyaa irratti xiyyeeffatan haquu isaa beeksisee ture. Feesbuukiin qorannoo gaggeesseen akkaawontiiwwan [Facebook account] 65, garee FeesbuukiI [Groups] 27, fuula Feesbuukii [Pages] 52, fi akkaawontii Inistaagiraamii 32 imaammata dhaabbatichaa cabsuun uummata Itoophiyaa biyya keessaa irratti xiyyeeffachuun odeeffannoo sobaa fi dogogorsan maxxansaa turan adda baasee haquu ibse. Oppireeshinichi akkaawontiiwwan sobaafi wal makaa tahan fayyadaman. Gariin isaanii sirna qophaa'aa [automated system] dhaabbatichaan baramuun akka hin maxxansine, yaada hin kennineefi garee isaanii hin hogganne haqamaniiru jedhe.
As keessatti akka qaama miidiyaa tahanittillee kan of beeksisan turan jedheera. Qabiyyeen isaanii garee qorattoota walabaa dhugaa tahuu adda baasaniin sobaa tahuu adda bahuun akka waan nama dogogorsaniitti ibsamaniiru jedhe. "Gariin isaanii maqaa isaanii jijjiiraa turan. Akkasumas tooftaa hin barbaachifne karaa qindaa'aa fayyadamuun qabiyyee tokko fuulaafi garee baay'ee irratti maxxansaa turan," jedhe. Garee nama biraas fayyadamaa akka turan himeera. Neetwoorkiin kun irra caalaa Afaan Amaaraan maxxansaa akka turan himuun, oduufi dhimmoota waqtaawaa Itoophiyaa keessaa irratti xiyyeeffatu jedhe. Waa'ee Paartii Badhaadhinaa, MM Abiy Ahimad irra caalaa maxxansu. Masiriifi Sudaaniin hidha guddicha Abayyaa waliin wal qabsiisuun qeequu irratti akka xiyyeeffatan hime. Dabalataan qeeqa ciccimaa paartilee mormituu Itoophiyaa keessaa ABO, Paartii Dimokiratwaa Itoophiyaa [EDP], TPLF, fi kaan irratti xiyyeeffate maxxansaa turuu qorannoo isaan bira gahu hime. Dhiyeenya kanas naannoo Tigiraay ilaalchisee qoqqobbii Ameerikaan dabarsite irratti yaada kennuu isaanii kan himu dhaabbatni Feesbuk, gochaa akkasii kallattiin naannoo Tigiraay irratti kan xiyyeeffatu yookaan waraana naannichaa ilaallatu akka hin taane qoranne jedhe. Feesbuukiin neetworkii maxxansa akkasii irratti bobba'e kana qaama qorannoo keessoo isaa ''amala qindaa'aa hin barbaachifne'' tahuu malu jedhee shakkuu gochuun irratti hojjechaa turu hime. Namootni gochicha duuba jiran eenyummaa isaaniifi qindoomina isaanii dhoksuuf yaalanis, qorannoon keenya Ejensii Nageenya Odeeffannoo Itoophiyaa INSA hidhata qabaachuu isaanii adda baaseera jedhe. Fuuloota kanneen namootni miliyoona 1.1 ol ni hordofu, akkaawontiiwwan 766,000 tahan ammoo garee tokko yookaan isaa olitti makamuu, namootni 1,700 tahan ammoo fuula Inistaagiraamii tokko yookaan isaa ol hordofu jedhe qorannichi.
Fuuloota kanneen namootni miliyoona 1.1 ol ni hordofu, akkaawontiiwwan 766,000 tahan ammoo garee tokko yookaan isaa olitti makamuu, namootni 1,700 tahan ammoo fuula Inistaagiraamii tokko yookaan isaa ol hordofu jedhe qorannichi. Fuula isaanii kanneen beeksisuuf doolaarri 6,200 tahu kaffalamuus ibseera. Itoophiyaan Waxabajji 21, 2021 filannoo biyyaaleessaa gaggeessiti. Feesbuuk bu'aa filannoo waliin wal qabatee odeeffannoowan sobaa tamsa'an irratti xiyyeeffachuun akka hojjetu ibsee ture.
UN baqattoota 100 ta’an daangaa Tarkiifi Giriik irratti qullaa mul'atan jedhame ilaalchisuun gadduu ibse Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti Ejjansiin Dhimma Baqattootaa 100 ta’an daangaa Tarkiifi Giriik irratti qullaasaanii argamuun ‘baayyee na gaddisiise’ jedhe. Baqattoonni ka’umsi isaanii Siiriyaafi Afigaanistaan irraa ta’unsaanii kan amaname yoo ta’u, qullaasaanii argamuutti biyyoonni ollaa lamaan: Tarkiifi Giriik quba waliitti qabaa jiru. Giriik kan raawwattee Tarkiidha jechuun gochiichaanis ‘‘taatee qaroomina ilmaan namaatiif qaaneessaadha’’ jechuun himatte. Tarkiin ammoo gama isheetiin himannaa biyya ollaa isheetiin ‘‘oduu sobaa’’ jechuun kan waakkate yoo ta’u, dabaree isheen ammoo ‘‘gochaa gara jabeenyaa’’ jechuun Giriikiin komatte. Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti Ejjansiin Dhimma Baqattootaa gamasaatiin dhimmicha irratti qorannoon akka taasifamuuf kan gaafate yoo ta’u, ‘‘odeessaaleefi suuraalee naasisoo bahaniitti baayyee gaddineerra,’ jechuun ibse. Poolisiin Giriik guyyaa Jimaataa karaa daangaa Kaaba biyyattiitti baqattoota qullaasaanii argaman 92 keessaa muraasa isaanii irraa miidhaan qaamaa qaqqabee arguu ifa taasiseera. Qorannoo poolisii Giriikii fi Ejjansii Qorannoo Daangaa Gamtaa Awurooppaa Frontex waliin taasifameen, baqattoonni laga Eviroos bidiruu laastiikiin qaxxaamuruun Tarkiirraa gara Giriikii akka galan ragaan agarsiisu argamuu poolisiin dabaluun himeera. Aanga’oonni Tarkii akka jedhaniitti, baqattoonni kunneen akkuma Giriik seenaniin uffanni, nyaanniifi deeggarsi wallaansa sadarkaa tokkoffaa taasifameefiira. Frontex akka jedheetti, namoonni kunneen irra caalaan isaanii kan Afigaanistaaniifi Siiriyaa irraa dhufaniifi sarbamni mirgaa mudachuun akka hin ooleedha.
Frontex akka jedheetti, namoonni kunneen irra caalaan isaanii kan Afigaanistaaniifi Siiriyaa irraa dhufaniifi sarbamni mirgaa mudachuun akka hin ooleedha. Ministirri Eeguumsa Siiviilii Giriik, Taakiis Teewodoriikaakoos, Tarkiin waldhabdee biyyoota ollaa ishee waliin qabdu bahuuf ‘‘goodaansa seeraan alaa akka meeshaatti itti fayyadamti,’’ jechuun himatan. Ministirri Dhimma Baqattootaa Giriik, Nootiis Miitaaraachii gama isaaniitiin toora Tiwitara isaaniitiin, haallii qabiinsa baqattootaa Tarkiin ‘‘qaroominaaf' qaaneessaadha’’ jedhan. Ankaaraan dhimmicha akka qorattuu i ‘‘daangaa Gamtaa Awuurooppaa waliin qabdus ni eeggdi’’ jedhanii akka amanan Ministirichi dubbataniiru. Tarkiin gama isheetiin dhimmicha irratti itti gaafatamummaa kamuu akka hin fudhanneefi haala qabiinsa ‘’sukkaneessaa kanaaf’’ Giriikiin itti gaafatamtuu taasifte jirti. Gargaaraan pireesii olaanaan Pirezidaanti Reesiip Tayiib Erdohaan kan ta’an, Faahiratiin Altuun miidiyaa hawaasaa isaaniirratti, ‘‘maashiniiwwan oduu sobaa Giriiki gara hojiitti deebii’aniiru’’ jedhan. Himannaa irratti dhiyaateenis ‘‘sobaafi kan nama kofalchiisu’’ jechuun, Giriik suuraalee baqattootaa tamsaasuun akka baqattootaaf kabaja hin qabne agarsiiftee jirti jechuun himatan.
Diroonotni Turkii lola Somaaliyaan al-Shabaab irratti bantetti ‘makaman’ Hidhattoota al- Shabaab kan al- Qayidaan deeggaraman irratti waraana mootummaan Somaaliyaa banetti diroonotni Turkii makamuu isaanii Somaaliyaan mirkaneessite. Ministeerri Dhimma Biyya Keessaa Somaaliyaa, Mo’aalim Fiqii, akka midiiyaa dhuunfaa Universal Somali TV’tti himanitti, diroonotni lolaa fi to’annoof fayyadan humnoota waraanaa Somaaliyaaf gargaarsa qilleensarraa kennaniiru. Torbanoota dhiyoo darban keessa humnootni mootummaa Somaaliiyaa fi gosoota naannolee Hiraan fi Gaalguduud keessa hidhatanii jiranii, hidhattoota al-Shabaab bakkeewwan tokko tokkorraa ari’aniiru. Miidiyaan mootummaa akka gabaasetti humni mootummaa haleellaa al-Shabaab irratti bane gidduu gala Somaaliyaa irraa gara naannoo Kibba- Lixaa Gedootti geessisuu himeera. Naannoo kana keessatti hidhattoonni kun bakkeewwan tokko tokko to’atanii jiru. Biyyootii biro dabalatee Turkiin mootummaa Somaalii deeggaraa turteetti. Buufatni waraanaa Turkii biyyattiin ala isa guddaadha jedhamu, magaala guddittii Somaaliyaa, Moqaadishuu keessatti bara 2017’tti kan hundeeffame yoo ta’u, wiirtuu kanatti loltooti Somaaliyaa kumaatamaan lakkaa’aman lenji’aa turaniiru. Dirooniin Turkii dirreewwa waraanaan heddu irratti bu'a qabeessummaan isaa akkaan erga jajamee booda biyyoonni Afrikaa heddus riphee loltoota biyya isaanii keessa jiran loluuf diroonii kana bitachuutti jiru. Waraana Yukireen keessatti, jalqaba yeroo Raashiyaan weerara irratti bantu meeshan waraanaa Yukireen adda dureen fayyadamte diroonii Turkii Bayiraaktar TB2 jedhamuudha. Diroonii Turkii Bayiraaktar TB2 jedhamuun beekamu kana jalqaba kan itti fayyadame bara 2019tti Liibiyaa ture. Diroonii kana fayyadamuun mootummaan Liibiyaa UN dhaan fudhatama qabu hidhattoota Kaliifaa Haftar akka isaan Tirippoolii hin galle godhee ture. Biyyootni Afrikaa biroon diroonii Tarkii kana itti fayyadamaa jiran Itoophiyaa, Morookoo, Tuniziyaa, Toogoo, Nijeer fi Chaad fa'adha.
Biyyootni Afrikaa biroon diroonii Tarkii kana itti fayyadamaa jiran Itoophiyaa, Morookoo, Tuniziyaa, Toogoo, Nijeer fi Chaad fa'adha. Itoophiyaanis waraana Kaaba biyyattiitti gaggeeffame keessatti diroonitti heddu dhimma baate.\n\nHaa ta’u garuu xayyaara nam-maleessa kana fayyadamuun akkasuma balaa guddaa qaba. Hanga Ji’a Amajjii 2022 tti haleellaa diroonii Itoophiyaan gaggeessiteen lammiilen nagana 300 ol du’uu dhaabbileen gargaarsa namoomaa gabaasanii turan.
Diinagdee: Sharafni maallaqa Tarkii %45 kufuun maaliif Pirezidaanti Erdogaaniin hin yaadddessinee? Maallaqni biyyaaleessaa Tarkii, liiraan bara kana qofaa gara doolaaraatti yoo jijjiramu %45 kufuulleen garuu kun pirezidaantii biyyattii Resiip Taayiip Erdogaan kan yaaddeessee hin fakkaatu jedhe oggeessoonni dinagdee. Liiraan torban darbe kana kan badi bu'e ta'ulleen, garuu hogganaan Tarkii ''qabsoo diinagdee walabaa'' kan dhala gadaanaan deegaramee hordofuu akkuma itti fufaniitti jiru. Kanaaf eegaa Obbo Erdogaan tarsiinoo qaala'iinsa harbeessuu, carraa hojii dhabummaa fi hiyyuummaa guddisuu hordofaa jiru jedhamuun kan qeeqaman. Garuu kun Tarkiidhaaf maal jechuudhaa? Imaammata hedduun hinfudhatamne Sababiiwwan maallaqni Tarkii akka kufuu taasisan keessaa tokko imaamata diinagdee hinjijjiramneefi dhala xiqqaadhaan guddina biyyaafi hanga daladal al ergi fiduuf keeyyeefateedha jedhu qeeqxoonni. Oggeessoota diinagdee baayyeedhaaf, yoo qaala'iinsi jireenyaa ol ka'uutti amma dhalaa olkaasuun to'atama. Obbo Erdoogaan garuu dhala dabaluu akka ''diina kan badhaadhee caalaa badhaasuufi hiyyeessa iyyoomsuutti'' ilaalu. ''Waan hundi baayyee qaaliidha,'' jechuun BBCtti hima Sevim Yildirim bakka gamaa kuduraatti. ''Gatii kanaan nyaatuma gahaa maatiif bilcheessuun mataansaa rakkisaa ta'aa jira. Tarkiitti qala'iinsii waggaa %21 caaleera. Garuu Baankiin Biyyaaleessaa Rippablika Tarkii ammoo dhala %16 irraa gara %15 hir'ise. Kunis hir'isa yeroo sadaffaa bara kanatti taasifameedha. Biyyoota addunyaa biraatti yoo qaala'iinsi dabalu dhalli akka dabalu himama. Garuu kun tarkii keessatti hin hojjatu. Waggoota darban lamaan keessaa Pirezidaanti Erdoogaan pirezidaantoota baankii jidduugalaa sadii hojiirraa aari'ate.
Torban darbee kana ammoo Ministira maallaqaa isaa jijjireera. Ta'uus maallaqni biyyaattii gaduma bu'aa jira. Diinagdeen Tarkii irra caalaan daldala al ergii mi'oota akka nyaataa, uccuu fa'irratti. Kanaafuu sharafnii doolaaraa ol ka'uun ammoo gatii omishaalee irratti dhiibbaa kallattii qabaata. Fakkeenyaaf timaatimii, kan nyaata idilee Tarkii keessaa hindhabamne haa ilaallu. Timaatimii omishuuf qonnaan bultoonni xaa'oofi gaazii alaa galchu qabaatu. Akka garee daldala xinxaleetti, gatiin timaatimii kan bara darbeetiin yoo wal biratti ilaalamuu Adooleessaa keessa %75 dabale. ''Attamiin kanarraa maalaqni argamu danda'ama?'' jechuun gaafatu, Saadiyee Kaleci qonnaan bulaa wayinii kan ta'an. ''Nuti rakasatti gurgurra, garuu gatiin nuti ittiin waan nu barbaachisu bitannu baayyee guddaadha,'' jechuun gatii boba'aa, xaa'oo fi kkf ibsu. Qonnaan bultuun biraa, Feride Tufaan akkasuma idaashee kafalu kan dandeessuu qabeenyaa ishe gurgurachun qofaa akka ta'e himti. ''Lafaafi maasaa wayinii keenya gurguruun idaa nurra jiru kanfalanna. Garuu hunda gurgurree yoo fine wanti nuuf hafu omtu hin jiraatu.'' Gatiin guyyaa guyyaatti waan gegeedaramuuf sharafni baayyee ol ka'eera. Qaala'insi omishitoota qofaarratti %50n dabale. ''Baasiiwwan kiyya hunda nan hir'ise'' jedhan Haakaan Ayraan kan bakka gabaatti gaaxezessaan BBC dubbise. ''Kanfaltii tajaajilawwanii kanfalachuuf hundinuu waan nyaatu hir'isuufi waan biratatu dhaabaa jira.'' Hojjattoonni suparmaarkeetii dabaluu gatii mii'aa kan kanaan dura tureefi kan ammaa wal bira qabuun karaa miidiyaa hawaasaarratti maxxansu. Isaanis gatii zayitaatii hanga baala shaayii, buna, omishaalee qulqullinaa fi sooftii jechuun tarreessan maxxansan.
Manni daabboo magaalaa Tarkii sadaffaa kan taatee Izmir keessaas, akkasumas dabala gatii sababawwan waliin tarreessuun beeksiisa maxxanse. Sababiita eegaman keessaa gatii daakuu, zayitaafi saliixii dabaluusaatti jechuu dhumaratti: ''Waaqni nu waliin haa ta'u'' jechuun maxxanse. Damee dhuunfaa fi kubaaniyoota hedduuf rakkoo cimaan hanqina sharafa alaati. Kanaan kan ka'ee dhaabbileen kunneenis omishaalee isaanii baasanii maallaqa gatiinsaa kufe liiraatti gurguruurra man-kuusaa keessa olkaa'aa jiru. Kun ammoo garaagarummaa iyyeessaa fi kanneen qaban jidduu jiru caalaa bal'isaa jira. Hiriirriiwwan buufataalee boba'aa fi ala waajjiraalee motummaa naannoo baayyee waan mul'isan qabu. Paartiilee siyaasaas aariidhaan filannoo akka gaggeeffamuufi mormii gaggeessuuf waamicha taasisan. Sadaasa 23 irratti liiraan yoo guyyaa tokkichaan %18n gadi bu'eettis, mormii muraasni gaggeeffamuun namoonni hedduun to'atamanii ture, Hawaasa ifatti mormii dhageessiisan keessaa dargaggoota Tarkii kanneen karaa Tiwitara kallattii, viidiyoowwan Tiktok fi YouTube mul'ataa turan. ''Motumaa kanatti gonkumaa gammadaa hin jiru. Biyya kana keessatti eegeere koo argaa hin jiru,'' jechuun ture dargaggoon gaazexessaatti kan hime. Tarkiitti dargaggoota shan keessaa tokko hojii hinqabu. Dubartoota irratti ammoo kana cala. Akka ragaalee mul'isaniitti Tarkiin biyyoota addunyaa dargaggoonni hojiin ala, barnootaa fi leenjii malee keessatti baayyatan sadarkaa arfaffaa irratti argamti. Dargaggoonni Tarki sadarkaa jirenyasaanii kanneen biyyoota biraa waliin waan wal dorgomsiisaniifu waan argaa jiranitti gammado miti. ''Dargaggoo US ykn Awurooppaa keessa jiraataniif mindaa saanitiin iPhone bitachuun salphaadha,'' dargaggoon umuriin waggaa 18 BBC dubbise tokko.
''Dargaggoo US ykn Awurooppaa keessa jiraataniif mindaa saanitiin iPhone bitachuun salphaadha,'' dargaggoon umuriin waggaa 18 BBC dubbise tokko. ''Asiitti garuu ji'aa hanga ji'aatti hojjadhulleen bitachu hindanda'u. Kun ta'u hinqabaatu.'' Dhaloonni kunis gahee olaanaa siyaasa Tarkii kan Mr Erdogaaniin hogganamu, Paartii Haqaafi Misoomaa (AKP) keessatti akka bahaniif erga bara 2002 kaka'aa jiru. Dargaggoonni bara 1990ta as dhalatan miiliyoona sagal filannoo bara 2023 gaggeeffamu irrratti filachuuf waan qaqabaniifu, kunis paartii Erdoogaaniif rakkoo ta'u mala. Viidiyoon dhiheenya kana baayyee qoodamee tokkoos, haatii tokko wayita pirezidaanti Erdoogaaniin leellisaa dubbataa jirtuutti ilmishee kan waggaa saddeeti ishee wayita mormu dhagahama. Erga rakkina faayinaansii bara 2008 biyyattii mudateetiin booda milkaa'inni paartii biyya bulchaa jiruu irra caala kan deeggarsa biyya alaarratti hirkateerra. Garuu ammoo guddinni diinagdee biyyattii hedduun baatiifi liiqaa motummaa industirii ijaarsaatiif xiyyeeffannaa kennu irraa argamaa jira. Kanaafu omishin alaa galchii irratti hirkachuu ittuma fufeera. Dinagdeenis burjaajii sharafaatiin raafamaa jira. Adeemsi tooftaa diinagdee haaraa Mr Erdoogaan kunis maallaqa biyyattii liiraa oolchuu isaatiif abdiin jiru gadaanaadha Oggeessii diinagdee Ardaa Tuncaa haalli amma ta'aa jiru kan itti aanuu irraa baayyee gargaa garummaa qaba. ''Kunis tooftaa yaada qabatamaa diinagdeetiin gutuummaatti ala ta'e yoo fayyadamnu kan jalqabaati. Yoo rakkoon jiraatuttilleen, maal ta'u akka danda'u ni tilmaamna turre. Amma garuu timaamuuf illeen rakkiisaadha,'' jedhan.
Kavala: Dhimma Tarkii biyyoota Lixaa waliin walitti buuse Kuni xalayaa Ayisii Buugraa tursiiftedha- xalayaa harkaan abbaa warraashee Osmaan Kavalaan, kan mana hidhaa keessatti ukkamfamee jiruun barraa'e. Nama qaamaan guddaa mataa luuccaa fi arjaan kun homaan osoo hin himatamiin waggoota afuriif mana hidhaatti dabarse. Manni Murtii Mirga Namoomaa Awurooppaa manguddoon ganna 64 mirga namoomaaf falmiu akka inni callsiuuf hidhame jedhe. Dhaabbileen mirga namoomaaf falman dhimmi nama kanaa agarsiiftuu xiqqoo waa'ee pirezidaanti Reesip Taayib Erdoohan jedhan. Haati warraa isaa ganna 33 taate nama barattee fi suuta dubbachuun beekamtu ji'atti al-lama qofa akka daawwattuuf eeyamamaaf. ''Kitaaba tokko dubbisuuf yaalla,'' jette. Yaada keenyas waliif barreesina. Waan dubbisaa jirrufaa waliif dhaamna. Waan hunda kana keessatti waliin jiraachuuf yaalaa jirra.'' 'Dhabamuun isaa bakka hundattidha' Osmaan Kavala himata akkasumaan bu'uura tokko malee dedebisu irra ture. Jalqaba fincila mootummaa irratti bara 2013 ka'e maallaqaan deeggaruun akka kaka'i godheera jedhamuun himatame. Sana booda hiikame tahus garaagarummaa sa'aatii muraasaa keessatti basaaseera jedhamuun himata haaraan dhiyaate. ''Himata gaarii'' jechuu dippartimantiin Ameerikaa ibse. Kitaabotni isaa biiroo keessaa akkuma yeroo inni hidhame sanaatti tarree galanii jiru. Hojii aartii fi boca isaan guutamuun taa'anii jiru. ''Dhabamuun isaa bakka hundatti'' jette haati warraa isaa. Mana hidhaa qarqara Istaanbul jiru keessaa Obbo Kvalaan akka BBCtti himetti manni murtii '' mootummaaf dursa kennuun akka meeshaa haloo bahuutti oolan'' jedhe. Gaaffiilee ergamniif barreefamaan deebise. ''Fonqolcha bara 2016 fashalaa'een booda ragaa malee qabamuu fi hojii irraa ari'amuun waanuma barame taheera,'' jedhe.
''Haalli Tarkiin iti bulaa jirtu yeroo ammaa dimokiraasii dhugaa hin fakkaatu,'' jedhe. Yoo tarii mana hidhaatii bahe walaba akka tahuu isaa akka hin amanne hime. Dafe hii;kamaa? Dhaddachi itti aanu Jimaata boruuti.Ayisii Bugraa akka jettetti ''abdii godhachuu hin feetu, abdii godhachuun abdii kutannaatti waan nama geessuuf.'' Hidhamuun isaa Tarkii biyyoota Lixaa fi michoota ishee Awurooppaa walaiin waliin walitti ishee buuseera. Xumura ji'a kanaatti hin hiikamu taanaan manni maree Awurooppaa adeemsa seera cabsuun himachuu akka jalqabu himeera. Kun ammoo Tarkiin miseensa dhaabbata mirga namoomaa biyyoota 47 qabu keessaa akka baatu taasisa. Pirezidaanti Erdohaan ofirraa qolachuun nama arjoomuun beekamu tujaara Joorji Sooros waliin walitti dhufeenya akka qabanitti himan. Manni murti mIrga Namoomaa Awurooppa murtii kenneera,'' jedhe. ''Shiftoota akkamiin gadiista, warra nama ajjeesu yookaan shororkeesitoota biyya kee keessaa?'' jedhan. Kana dura dursaan Tarkiin kun haqa biqiltuutti fakkeessuun ibsan. ''Biqiltuu bishaan obaasuu dhabuun ni gogsa, humnaa ol obaasuunis ni coologsa'' jechuun mirga namoomaa karoorsan irratti ji'a Caamsaa keessa dubbatan. Dhaabbileen mirga namoomaa ammoo kun eegumsa mirga namoomaaf godhamu diiguufi ol aantummaa seeraa cabsuuf kan godhamudha jedhan. ''Dimokiraasii malee qaawwaan ni jiraata,'' jette Iimaa Siinkilar- Istaanbulitti Mirga Namoomaa irra kan hojjettu.. Namootni kumaatamaan maqaa himata shororkeesummaan mana hidhaa galaniiru. Tarkiin qeeqxota isaatti cufuun kana hojjechaa jira,'' jette. Bara 2017 namni gameessi mirga namoomaaf falmu Gunal Kuursunii fi hiriyyootni isaa poolisin qabaman.
Bara 2017 namni gameessi mirga namoomaaf falmu Gunal Kuursunii fi hiriyyootni isaa poolisin qabaman. ''Balballi baname,''jedhe. Achumaan 'harkakee ol qabi, sakatta;insa irra jirra,' jechuun nu hidhan. Anaafi hiriyyootakoof waan nama naasisudha. Waggoota 20 darbaniif namoota gara mana hidhaatti geeffaman argaa turre. Kun garuu yeroo jalqabaaf nurratti raawwate'' jedhe. Dr Kursun, ofumasayyuu ogeessa seera yakkaa kan tahe mana hidhaa Osmaan keessa jiru keessatti of argae. Guyyoota 100 oliif erga hidhamee amma bilisa baheera. Shororkeesitoota gargaarta jedhamuun himatamee ture. Yakka kanaan himatamuun nama dhukkubsa jedhe. ''Namoota dhibbaan lakkaa'aman himata wal fakkaatan irratti dhiyaate jiru,'' jedhe. Manni hidhaa Tarkii namoota yakka akanaan himatamaniin guuteera. Kanaafuu ana qofa waan hin taaneef isa qofa na jajjabeessa.'' Fonqolcha fashalaa'een booda seera yakkaan gargaarsaa pirofeseraa kan ture akka irraa mulqamu tahe. Labsii yeroo sana baheen [2016] namootni 125,000 tahan hojii isaanii irraa ari'aman. Waggoota shanan darbaniif halli Trakiin itti jirtu akka isa yaadessu hima Gunaal. Michoonni Tarkii biyyoota Lixaas sodaa wal fakkaataa duudhaalee dimokiraasii fi yaada ofii bilisaan ibsachuu irraa baati jedhu qabu. ''Yoo mootummaan kun haala kanaan itti fufe, Tarkiin akkuma Raashiyaa taati,'' jedhe. Haala tokko tokkoon ammayyuu taheera. Guyya guyyaan hammaataa deeme. Waa'ee sarbama mirga namoomaa yoo waa jette, mootummaan salphumatti yakkamaa si taasisa'' jedhe. Waa'ee kabaja mirga namoomaa fi dhimma Osmaan Kavalaa irratti mootummaan Tarkii akka deebii kennu gaafatamee deebii hin kennine.
Baayidan ajjeechaan Armeeniyaanotaa duguggaa sanyii ta'uu ifatti dubbatan Joo Baayidan ajjeechaan bara 1915tti lammiilee Armeeniyaa irratti raawwatamee duguggaa sanyiiti jechuun ifatti kan dubbatan pirezidaantii Ameerikaa kan jalqabaati. Ajjeechaan kunis bara aangoo mootii Otomaan tibba qaroomni Tarkii dadhabaa adeemaa tureetti kan raawwatameedha. Haa ta'u malee Tarkii ajjeechaan raawwatamu amantulleen, jacha ''duguuggaa sanyii'' jedhu hin fudhattu. Ministirri Haajaa Alaa Mevlut Kaavusonluu guyyaa Sanbataa Tarkiin murtee Ameerikaa ''gutummaa gutuutti'' akka hin fudhanne dubbatan. ''Seenaa keenya kami irraayyuu barnoota hin fudhannu'' jechuun tiwitara irratti barreessan. Boodarras Ministirri Haajaa Alaa Tarkii ''yaada cimaa'' Ankaaraa kanarratti Ambaasadarri US walgahii atattamaatiif waamu himan. Buchiinsi Ameerikaa duraanii Tarkii michuu Nato taateefi walitti dhufeenyi biyyoota lamaan akka hin banneef jecha ifatti jecha duguuggaa sanyii jedhu fayyadamanii hin beekan ture. Otomaan Tarkii erga humnootii Raashiyaatiin garmalee injifatameen booda, Kiristaanoota Armeeniyootaatiin biyya haaltan jechuun gammoojjii Siriyaa fi bakkeewwan garaa garaatti biyyaa hari'ate. Sababii kanaatinis Armeeniyootni kuma dhibbaan lakkaa'aman ajjeefamanii kaan ammoo beelaafi dhukkubaan du'an. Ajeechaan kunis wayita sanatti gaazexessitoota, wara mishinariifi dippilomaatotaan bal'inaan galmaa'eera. Baayyinni Armeeniyoota ajjeeffaman yeroo hunda irratti walii hin galamu. Warri Armeenotaa miliyoona 1.5tu ajjeefame jedhu. Tarkiin ammoo waliigalatti gara kuma 300 ta'u jetti. Akka Waldaa Idil-Addunyaa Qorattota Duguuggaa Sanyii (IAGS)tti, kanneen ajjeefaman ''miliyoonaa oli.''
Anga'oonni Tarkii ajjeechaan raawwatamu amanan illeen garuu Kiristaanoota Armeeniyootaa balleessuun yaaliin taasifame hin turre jechuun mormu. Tibba hokkoora Wal Waraansa Addunyaa tokkooffaatti musliimotni Tarkii hedduunis ajjeeffamaniiru jetti. Ibsi Mr Baayidan tibba Armeeniyaanoti guyyaa ajjeechaa jumlaa sana itti yaadataa jiraniitti baasaniin, ''Lubbuuwwan jaarraa Otomaani keessa duguggaa sanyii Armeeniyaanotaatiin ajjeeffaman ni yaadanna, akkasumas gonkumaa ajjeechaan akkasii kun akka hin raawwatamne ittisuuf waadaa galla,'' jedhan. ''Kan yaadannus akka dhiibbaan jibbaa bifa kamiituu hin mudanneef of eeggannoon akka turruuf,'' jedhan. Baayidan dabalunis kaayyoonsaa ''balaalleeffannaaf osoo hin taane, kan raawwatame gonkumaa akka irra hin deebi'amne mirkanneessuuf,'' jedhan. Kanaan duras sochii bakka butoota Mana maree UStiin bara 2019tti ajjeechaa jumlaa ajja duguuggaa sanyiitti ilaaluuf dhiyeete simatanii jiru. Qondaaltoonni Baayidan gaazexessitootaatti akka himaniitti, jechucha karaa idileetiin itti fayyadamuf murteessuun bulchiinsi isaa mirgoota namoommaatii xiyyeeffannaa kennuu agarsiisa jedhan. Bara 1981tti pirezidaantiin Ameerikaa yeroo sanaa Ronaald Reegan labsii Holookoosti keessaatti ''Duguuggaa Sannii Armeenootaa'' kaa'anilleen, isaan booda kaan isaanii jechicha fayyadamu irraa of qusataa turan. Buchiinsii Doonaald Tiraampi kan Baayidaniin duraas ajjeechaa kana akka duguuggaa sanyiitti akka hinfudhannee himee ture. Tiraampi taatee sanaan ''ajjeechaa jumlaa sukkanneessaa jaarraa 20ffaa keessaa raawwatame,'' jedhanii ture. MM Armeeniyootaa Nikol Paashingaan jechii Baayidan kun kan ''yaaddannoo'' namoota ajjeeffamaniif kabaja kan kenneedha jechuun tiwitara irratti barreessan. Dabalunis, ''US irra deebiin mirga namoomaa fi duudhaawwan addunyaa kabajuuf kutannoo cimaa qabdu agarsiifte jirti,'' jedhan.
Dabalunis, ''US irra deebiin mirga namoomaa fi duudhaawwan addunyaa kabajuuf kutannoo cimaa qabdu agarsiifte jirti,'' jedhan. Haata'u malee Ministeerri Haajaa Alaa tarkii aariidhaan deebii kenneen, ''ibsicha kan hinfudhanneefi cimsee kan mormu'' ta'u ilaalchisuun ibsa baase. Ibsi kunis kan ''dhiibbaa mankaraarisitoota Armeeniyotaafi gareewwan farra Tarkiitiin jalatti bbaheedha,'' jedhe. Akkasumas sochichii ''godaanisa wal amantaa fi hiriyyummaa biyyota lamaan jidduu jiru humuu uumuu mala'' jechuunis akeekkachise.
Kirkirri lafaa cimaan bara 1999 magaalaa Izmiit, Istaanbul cinaatti argamtu haleelee lubbuu namoota 17,000 galaafatees ture.
Tiwiitara dolaara bil. 44n kan bite dureessi addunyaa Elon Mask eenyu? Dureessi addunyaa kanaa Elon Mask doolaara Ameerikaa biiliyoona 44n miidiyaa hawaasummaa guddicha- Tiwiitarii bitee dhuunfachuu abbootiin qabeenyaa jaarmiyichaa fi miidiyaaleen gabaasan. Akkuma miidiyaa hawaasummaa kana harka galfateen, ''Simbirroon bilisa baate'' jechuun irratti barreesse, waliigalteen xumuramuus akeeke. Elon Mask erga tiwiitarii bitee booda hoogganaa miidiyaa hawaasummaa kanaa dabalatee qondaaltota olaanoo hedduu ari'e. Tiwiitariin hanga ammaa gara Elan Mask dabarfamuu ofiisaatii hin mirkaneessine, abbootiin qabeenyaa jaarmiyaa kana keessa turan garuu BBCf mirkaneessaniiru. ''Yaada bilisaan ibsachuun gita kan hin qabne'' akkasumas waan isatti fakkaate hunda raawwachuun addunyaarratti falmisiisaa kan ta'e Elan Mask, akkaataa Tiwiitariin itti to'atamuu fi ittiin bulu akkaan qeeqaa ture, amma jaarmiyaa kana bituunsaa wayita dhagahamu miira walmakaatu fayyadamtootaa fi hojjettoota biraa dhagahamaa jira. Elon Mask miidiyaa hawaasummaa kana dhala namaa gargaaruufi ''qaroominni addabaabayii dijiitaalaa addunyaa walootti akka ba'u'' gochuuf akka bite dubbate. Hundeessaan kubbaaniyyaa Tesla kun dhiheenya kana haasaa taasiseen, tiwiitariin ''qabeenya yeroo dheeraaf akkasumaan laamsha'ee ture, garuu dandeettii ajaa'ibaa qaba, ofii kootii fi invastaroonni kaan yeroo ammaa tiwiitariif garmalee kaffalaa jirra," jedhe. Erga waggoota kurnan lamaa oliin dura dirree teeknooloojii- Silicon Valley irratti ba'ee, dureessi umrii ganna 50 kun, sochii daldalaa isaatiin qalbii dhala namaa booji'eera.\n\nAfrikaa Kibbaatti kan dhalate Aab Mask, dandeettii hojii gara abbaa qabeenyummaatti isa geessu saffisaan mul'isaa ture.
Obboleessa isaa waliin mana nmaootaarra deemuun hanqaaquu Faasikaa fi chokoleetii mana keessatti hojjetame gurguraa turan, umurii isaa waggaa 12tti tapha kompiitaraa jalqabaa hojjete.\n\nIjoollummaa isaa haala akkaan rakkisaa ta'e keessatti dabarsuu, wal hiikuu maatii isaa, mana barumsaatti doorsifamaa turuu fi sababa dhukkuba Asperger jedhamuun miiraa hawaasaa dubbisuufi hubachuuf rakkachuu fi rakkoowwan hedduuf saaxilamee akka ture ibseera. Ijoollummaasaatti biyyaa ba'ee Kaanaadaa seene, achiis gara US deemuun Yunivarsiitii Pensilvaaniyaa, kolleejjii Ivy League jedhamu keessatti barnoota dinagdee fi fiiziksii barate. Haadha warraasaa jalqabaan kolleejiitti walbaran, bara 2000 walfuudhan. Elon Mask akkuma barnoota fiiziksii barachuuf carraa argateen, barnootasaa adda kutee kubbaaniyyaawwan teeknooloojii lama hundeesse, kunis bara 1990oota keessa wayita ''dot com'' akkaan beekametti ture. Dhaabbati Mosaajii marsariitii fi dhaabbati baankii onlaayinii boodarra PayPal ta'e kan bara 2002tti eBaytti doolaara biiliyoona 1.5n gurgurame, kalaqa Elan Mask jalqabaa keessaa isaan ijoodha. Mul'ata teeknooloojii hawaa keessatti hirmaachuuf qaburraa ka'uun boodarra kubbaaniyyaa rookeetii- SpaceX jedhamu hundeesseera. Kun Nasa waliin yoo walbira qabamu gatiinsaa madaalawaa ta'uu himata. Kana qofaa osoo hin taane Kubbaaniyyaa adda durummaan hoogganu- Tesla keessatti konkolataa elektirikii hojjechuun addunyaa malaalchiseera. Dhaabbileen lamaan yeroo tokko kufaatiidhaaf dhihaatanii turanis, garuu cichoominaan hojjechuun mataa olqabatanii addunyaarratti hanga beekamuutti ga'an.\n\nGaazexeessaan Kiriis Istookel-Walker jedhamu, ''Boru waan hojjechuu barbaadu maal akka ta'u gonkumaa amaneee hin beeku,'' jedha.
''Inni nama miiraan bulchu, waan hudatti nama beeku,'' jedhe. Barreessituun Ashlii Vance jedhamutti Elan Mask, ''nama waan hundan beeka jedhu, miiraa fi fedhiisaaf guddoo dursa kennu, garuummoo hawaasa duratti dubbachuu akka yeella'uu fi shubbisuun akka isa rakkisu,'' ibsiteetti. Elon Mask yeroo sadi gaa'ilasaa hiikeera- dubartii tokko yeroo lama, nama badaa fi hamaa ta'uu isaa ifatti dubbata, qoricha sammuu hadoochu- Mariwaanaa gudoo akka jaallatu iftoominaan dubbata. Amalli badaa fi badiiwwan inni hojjetu Elan Mask fuulduratti tarkaanfachuu fi beekamuurraa hin dhorkine. Forbes fi Bloomberg dureessa addunyaa jechuun isa galmeessaniiru, qabeenyi inni harkaa qabu doolaara Ameerikaa biiliyoona 250. Morkattootasaa kanneen akka hundeessaa dhaabbata Amazoon Jeff Bezos doolaara biiliyoona kurna hedduun caalee argameera. Qabeenyisaa hedduun kubbaaniyyaa Tesla irraa argama, kubbaaniyyaa kana keessaa dhibbeentaa 17 qooddata. Aab Mask maallaqa dijitaalaa irrattis akkaan beekamaadha, dhaabbilee xixiqqoo biroo hedduu keessaas qooda qaba, kanneen keessaa dhaabbata ujummoo hojjetu- The Boring Company fi dhaabbata teeknooloojii kompiitara- Neuralink isaan muraasa.\n\nElon Mask yeroo baayyee uffata hojiin hojjetan uffatee argama, hojii buuzinasii kan hojjetu maallaqaaf qofa akka hin taane ibsa, dhiheenya kanammoo irra deddeebiin tiwiitarii himataa ture.\n\n"Elan dhimma tokko keessa kan seenu yoo dhimmi sun haalaan murteessaa fi faayida qabeessa ta'uu hubate qofa,'' jedha hiriyaan isaa fi invastara Tesla kan ta'e Roos Gerber. Bara 2002 lammummaa Ameerikaa kanargate Aab Mask, maqaansaa gartuu siyaasaa tokkotti akka maxxanu hin barbaadu ture, ''walakkaa Dimookiraat walakkaa Rippabilikaanota", ''siyaasaan giddu galeessa fi walaba'' jedhee of waama .
Bara 2002 lammummaa Ameerikaa kanargate Aab Mask, maqaansaa gartuu siyaasaa tokkotti akka maxxanu hin barbaadu ture, ''walakkaa Dimookiraat walakkaa Rippabilikaanota", ''siyaasaan giddu galeessa fi walaba'' jedhee of waama . Kana jechuun falmii siyaasaa irraa of qusata jechuu akka hin taanemmoo ibseera. Siyaasa daangaa ce’ee Chaayinaa ga’e keessattis of argeera, Chaayinaan Taayiwaan keessatti ‘’Bulchiinsa Addaa hundeessuu qabdi,’’ jechuun yaada kenneera. Waraanni yukireen akkamiin furamuu akka qaburrattis yaada kenneera, garuu gameeyyiin siyaasaa addunyaa yaadasaa kuffisaniiru. US keessattis, dambii ittiin bulmaataa Kaalifoorniyaa fi gibira olaanaa komachuun gara Teksaasitti ce'e; qindeessitoota gamtaa waliin walitti bu’eera; akkasumas birraa bara 2020 keessa wayita addunyaan sababa koronaavaayirasii cufamte haala kana "faashistii" jechuun balaaleffate.
Jijjiiramni qilleensaa fayyaa uummata addunyaaf yaadessaadha-Qorannoo Jijjiiramni qilleensaa fayyaa uummata addunyaa irratti dhiibbaa guddaa geessisaa akka jiru qorannoon dhimma fayyaa guddaan tokko agarsiise. Gabaasni Lancet Countdown addunyaan cilee, boba'aa jikitaafi gaazii uumamaa akka madda boba'aatti fayyadamuu itti fufuun dhibeewwan organizimootaan nama qaban baayyisu, akkasumas ho'aan walqabatee dhibee dhufan dabalaa jedha. Barressaa olaanaan UN Antooniyoo Gutareez hoogganootni addunyaa tarkaanfii rakkoo kanaan gitu fudhachuu qabuu jedhan. Hooggantootni biyyoota addunyaa ji'a dhuftu keessa yaa'ii guddicha dhimma jijjiirama qilleensaa mariyatu COP27 Masriitti qophaaye irratti walarguuf jedhu. Gabaasni haaraan kun qorannoo dhaabbilee adda addaa 99 ta'anii kan walitti qabe yemmuu ta'u, Dhaabbatni Fayyaa Addunyaafi Yunivarsiitii Koolleejjiin Landanis keessatti argamu. Jijjiiramni qilleensaa damee Fayyaa Adunyaa silayyuu weerarri COVID-19 miidhe irra dhiibbaa guddaa akkamii geessisaa akka jiru agarsiisaniiru. Ho'aan walqabatee duuti ilma namaa amma jiru kan barkurneewwan lamaan darbanii harka lama sadaffaan dabaleera. Guutuu addunyaatti bara 2022 keessa ho'i riikardiidha jedhamebiyyoota akka UK, Paakisataan, Chaayinaafi ardii Awurooppaa keessatti galmaahera. Dhiibbaawwan fayyaa hamaa sababa jijjiirama qilleensaan dhufan keessaa dhibeewwan fayyaa onnee jeeqan, kan sirna hargansuu jeeqan, rakkoon akka heat stroke jedhamuufi fayyaa sammuu hanqisan keessatti argamu. Qorannoon haaraan kun furmaatni jiraa jedha. ''Qormaatawwan jiran kana keessatti, tarkaanfiin atattamatti fudhatamnaan lubbuu miiliyoonotaa baraaruun akka danda'amu ragaan ifa ta'e jira, madda anniisaa naannoo hin faalletti dafnee fuula yoo garagalchine falli jira.''
''Qormaatawwan jiran kana keessatti, tarkaanfiin atattamatti fudhatamnaan lubbuu miiliyoonotaa baraaruun akka danda'amu ragaan ifa ta'e jira, madda anniisaa naannoo hin faalletti dafnee fuula yoo garagalchine falli jira.'' Gutarees biyyoota badhaadhan 20 (G20) qilleensa faaluu keessatti gahee dhibbeentaa 80 bahan taajjabaa jiraa jedha. Biyyootni kun hamma aara naannoo faalu qilleensa naannootti gadhiisan xiqqeessuuf tattaaffii godhan dabaluun, gara madda anniisaa haaromsamaniitti ce'uu qabu jedhan. ''Hammuma hirkannaan boba'aafi gaazii uumamaarra jiru to'annoon ala ta'aa adeeme fayyaan dhala anamaa, haalli jireenyaa, bajatni maatiifi diinagdeen biyyaa rakkoo keessa galaa jira'' jedhan.
Wantoota ajaa'ibsiisoo shanan jijjiirama qilleensaa irratti dhiibbaa fidan isin hin beekne Wantoota jijjiirama qilleensaa irratti dhiibbaa uuman keessaa kanneen hir’isuu qabnu beekna. Geejjiba xiyyaaraa hir’isuu, danda’amnaan gara konkolaataa elektirikiitti jijjiiruu fi nyaata biqiltoota irratti hundaa’an fayyadamuu. Garuu wantoonni isin hin hubatiin muraasni jiraachuu malu. Haala jireenyaa keenya keessaa wantoonni ajaa’iboon shan jijjiirama qilleensaa irratti dhiibbaa uuman kunooti. Ummata addunyaa keessaa walakkaa ol akka nyaata bu’uraatti ruuzii nyaatu, akka Dhaabbatti Mootummoota Gamtoomanii jedhutti. Garuu midhaan qonnaaf rakkisaa ta’edha. Lafa qonnaa kanaaf barbaachisu jallisiin jiidhaa akka ta’u gochuuf bishaan hedduu barbaada, kun ammoo orgaanizimiin xixiqqoo biyyoo jiidhaa keessa jiran gaasii meetenii, kan kaarbon dayoksaayidii caalaa hamaa ta’an akka oomishan taasisa. Qonnaan ruuzii, madda gaasii lafa qonnaa nam-tolchee irraa maadduu keessaa %1 hanga %2 ta’a. Dachee qonnaa kanaaf ta’u mijeessuuf hojiin bosona ciruu ammoo kaarbon daayoksaayidii maddisisamuuf gumaacha. Addunyaa guutuutti qorattoonni, ruuzii qulqullina qabuu fi biqilchuuf lafa jiidhaa hin barbaanne oomishuun, dhibbaa qonnaan ruuzii jijjiirama qilleensaa irratti uumu hir’isuuf hojjachaa jiru. Salphaatti intarneeta irratti waa barbaaduun, kaarboon daayoksaayidii giraama muraasa ni maddisiisa, kunis sababa neetwoorkii shiboo-maleessa (wireless) fi meeshalee keenya fayyadamuuf anniisaa ba’udha. Xiqqoo fakkaachuu danda’a, garuu gabaasni dhiyeenya ba’e akka tilmaamutti addunyaa guututti fayyadamtoonni intarneetaa biiliyoona 4.66 ta’an jiru, kun dabalaa deemaa jiras.
Guyyaa guyyaatti viidiyooleen YouTube sa’aatii biiliyoona tokko ta’an ni ilaalamu, Google ammoo ga’ee isaa ba’uun, sarveroota isaa sochoosuuf annisaa haaromfamuu danda’u fayyadama, viidiyoolee kana ilaaluun karaa fayyadamtoota karboon daayoksaayidii maddisiisa. Qorannoon Yunivarsitii Biristool UK jiru keessatti gaggeeffame, bara 2016tti namootni YouTube daawwatan kaarbon daayoksaayidii toonii miiliyoona 11.3 ta’u maddisiisaniiru – kun hanga gaasii magaalaa Gilaasgoon maddisiisu waliin wal gita. Yeroo haroo nam-tolchee uumuuf lafti bishaaniin guutamu, biqiltoonni fi wantoonni biroon bishaaniin liqimsaman tortoranii yookaan bosbosuun meteenii maddisiisuu eegalu. Qorattoonni Yunivarsitii Waashingitan – Vankuuvar, addunyaa irratti harooleen nam-tolchee waggaa waggaatti gaasii maddisisamu keessaa %1.3’f akka gumaachan bira gahaniiru – kun gaasii Kaanadaan guutummaatti maddisiistu waliin wal gita. Ta’us, harooleen nam-tolchee hedduun akka madda annisaattis ni fayyadu. Industirii omisha foonii fi aannanii keessatti foon sangaa fi hoolaatti aanee, kanneen kaarboonii maddisiisan gurguddoo keessaa baaduun sadarkaa sadaffaarra jira. Baaduu kiiloograama tokko nyaatamu hundaaf, kaarbon daayoksaayidii kg13.5’tu madda. Kun wantoota jijjiirama qilleensaa irratti dhiibbaa uuman kan akka foon lukkuu, booyyee, tarkii ykn gosa qurxummii saalman waliin sadarkaa wal fakkaataarra taa'a. Baaduu kiilograama tokko oomishuuf aannan gara liitira 10’tu barbaachisa. Baaduun lallaafaan aannan hedduu waan hin qabneef haala qilleensaa irratti miidhaa xiqqaa qabaata. Omiishni nyaata aanannii gaasii %4 ta’u maddisiisa, kana keessaatti loonii fi bineensoti aannan dhiyeessan gariin itti gaafatamu, sababiin isaa bineensootni kun meteenii hedduu waan maddisiisaniifi, akkuma beekamu ammoo kaarbon daayoksaayidii caalaa meeteniin atmoosferii irratti miidhaa guddaa uuma.
Omiishni nyaata aanannii gaasii %4 ta’u maddisiisa, kana keessaatti loonii fi bineensoti aannan dhiyeessan gariin itti gaafatamu, sababiin isaa bineensootni kun meteenii hedduu waan maddisiisaniifi, akkuma beekamu ammoo kaarbon daayoksaayidii caalaa meeteniin atmoosferii irratti miidhaa guddaa uuma. Yemmuu dubartoonni fi shamarran mana barnootaa deemanii fi carraa wal qixa ta’e argatan, maloota jijjiirama qilleensaa hir’isan hedduu uumu irratti akka gumaachu qorannoon gaggeeffame ni agarsiisa. Dubartiin barumsa sadarkaa lammataa xumurte, dubartii barnoota sadarkaa tokkoffaa qofa xumurterra, jireenya ishee keessatti da’imman muraasa da’uu malti. Lakkoofsi daa’imman dhalatanii hir’isuun isaa, guddina lakkoofsa uummataa hir’isuun, kanaanis lakkoofsa namoota kaarboonii maddisiisanii hir’isuun, dachee keenya irratti dhiibbaa gaarii uuma. Dabalataniis barnootni shamarranii fi dubartoonni hoggantoota jijjiirama qilleensaa akka ta’aniif jajjabeessa. Qorannoon akka agarsiisutti, biyyootiin paarlaamaa isaanii keessatti lakkoofsa dubartoota oolaanaa qaban, waliigalteewwan kunuunsa naannoo addunyaa uumuu, dacheewwan uumaa kunuunsaman uumuu fi qajeelfamoota jijjiirama qilleensaa ciccimoo ta’an ni qabaatu. Saayintistiin dhimmoota waarawaa (sustainability) Piroofeesar Kimberlii Nikoolas akka jettutti: ''Barnootni shammarranii fi hawaasa keessatti jajjabina argachuun isaanii, pilaaneta keenyaaf barbaachisaadha. Garuu shammarranii fi dubartoonni carraa akkanaa argachuu kan jijjiirama qilleensaaf qofa osoo hin taane, kun addunyaa keessa jiraannu waan ta’eefi.”
Lolaa Awurooppaa: Balaa namoota 150 ol galaafateen barbaachi warra badan itti fufe Balaa lolaa biyyoota Lixa Awurooppaa gooleerraa namoonni lubbuun hafan yoo jiraatan hambisuuf gareen lubbuu baraartotaa ariitiirra jiru. Roobni cimaan roobuu hordofee lolaa hamaa uumameen Beeljiyam fi Jarmanii keessatti namoonni dhibbaan lakkaa’aman ammas achi buuteen hin beekamne. Siwiitzarlaandi, Laaksambargi, fi Neezarlaandis biyyoota roobni cimaan rukute keessaa yoo ta’an, MM Neezarlaandis Maark Ruut kutaa biyyattii Kibbaa keessatti labsii yeroo muddamaa labsanii jiru. Balaa mudate kanaaf jijjiirama qilleensaatu sababa jechuun dursitoonni biyyoota Awurooppaa himachaa jiru. Akka ogeessonni jedhanitti, ho’inni addunyaa dabaluun roobni cimaan akkasii akka mudatuuf sababa ta’uu mala. Erga barri indastirii eegalee asitti qofa, addunyaan digrii seelshiyasii 1.2’n ho’itee jirti. Jarman keessatti namoonni 100 ol lubbuu kan dhaban yoo ta’u, pirezidantiin biyyattii Firaank-Wooltar Isteeyinmeer naannoo lolaan itti mudate daawachuuf wayita jechaa jiranitti balaa dhaqqabe kanaan rifachuu himani. "Naannoleen hundi lolaa mudateen naasuu keessa seenanii jiru, namoonni hedduunis waan umurii isaanii guutuu ijaarrachaa turan dhabanii jiru," jedhani Abba Isteeyinmeer ibsa gaazexeessitootaaf kennan irratti. Gareewwan lubbuu baraaruu Jarman keessa jiran haala hamaa jiruun danqamanii jiru, maatii namoonni duraa badanii oduu gaarii eeganiif ammoo, sodaan akka guddatu taasiseera. Neetworkiin bilbilaa hojjataa hin turre, daandiiwwan akka malee manca’anii jiru, manneen kuma 100 ol ta’an humni ibsaa irraa citeera. Naannoleen Kaaba Rihiin-Weestifaaliyaa, Rihiinlaandi-Paalaatineet fi Saarlaandi rooba hamaa roobeen warreen akka malee miidhamanidha.
Naannoleen Kaaba Rihiin-Weestifaaliyaa, Rihiinlaandi-Paalaatineet fi Saarlaandi rooba hamaa roobeen warreen akka malee miidhamanidha. Qaama Arliweelar kan taate Rihiinlaandi-Paalaatineet keessatti namoonni 1,300 ta’an Jimaata irraa kaasee achi buuteen hin baramne ture. Lakkoofsi kun garuu turtii keessa hir’achaa dhufuunis himameera. Akka jiraataan gandichaa AFP’tti himetti, konkolaattonni lolaa kanaan akka fudhatamaniifi manneen akka jijjigan kaasuun, bakkichi ‘‘adda waraanaa’’ fakkaata jedhe. Lakkoofsi namoota du’aniis dabaluu mala jechuun ministirri dhimma biyya keessaa naannichaa himanii jiru.
Nama biqiltuu Odaa kuma 30 kunuunsan: Zinaabuu Taakkale Uummanni Oromoo mukeen jiran keessaa muka odaatiif iddoo guddaa qaba. Odaan Hooda qaba. Kabaja qaba, galma Abbaa Gadaati waan ta'eef odaan wayyuudha. Qooda Odaan Oromoo biratti qabu irraa ka'uudhaan biqiltuu Odaa kunuunsuurratti hojjechaa akka jiran kan dubbatan Obbo Zinaabuu Taakkalee waan hojjetaa jiran guutuu nuuf qoodaniiru. Obbo Zinaabuu Taakkale magaalaa Finfinnee kutaa magaalaa Eekkaa iddoo Faransaayi jedhamu jiraatu. ALI bara 1991 irraa eegalanii magaalaa Finfinnee keessa kan jiraataa jiran Obbo Zinaabuun waggoota 14'f Daandii Qilleensaa Itoophiyaa keessa akka hojjetan dubbatu. Waa'ee Odaafi kabaja inni Oromoo biratti qabu erga miidiyaarraa dhagahanii booda Odaa kunuunsuuf jedhanii hojiisaanii akka dhaaban dubbatu. ''ALI bara 2008 miidiyaan OBS osoo waa'ee Odaan Hooda ta'uusaa dubbatuu dhagayeen yaada kiyya na hawwate. Odaan muka nagaa, araaraa, mallattoo dimokiraasii ta'uusaa ergan hubadhee booda muki akkasii kun babal'achuu qaba jedheen murteesse.'' Jalqaba mana waliin jireenyaa ykn kondomiiniyamii keessa jiraatan gamoo afraffaarratti firii odaa dhaabanii kunuunsuu kan dubbatan Obbo Zinaabuun achitti erga milkaa'anii booda ooyiruutti ba'anii babal'isuu akka eegalan dubbatu. ''Achirraa ka'een waa'ee odaa qorachuu jalqabe. Odaan uummata Oromoo bira darbee akka addunyaattillee akka beekamuufi iddoo guddaa akka qabun hubadhe. Warri Keeniyaa Odaadhaan mootii mukaa(king of trees) akka jedhan, warri Ijipti muka jireenyaa(tree of life) akkasaan jedhan, uummata Oromoof ammoo mallattooma jireenyasaa akka ta'e hubadheen hojjechuu eegale. Daandii Qilleensaa keessa osoon jiruu Sanbataa fi Dilbata yeroo koo kunuunsa Odaa irrattin dabarsaa ture.''
jedhan. Sanyii Odaa argachuuf odaawwan Oromoo jiran hundarra deemeera kan jedhan Obbo Zinaabuun akkaataa amala Odaatiin dhumarratti Odaa Kallachaa kan Godina Kibba Lixa Shawaa Aanaa Sadeen Sooddoo naannoo magaalaa Tulluu Boollootti argamu irraa sanyii fudhachuuf akka murteessan dubbatu. ''Odaa Bisil, Bulluq, Bultum, Roobaa, Nabee, hundumaa ilaaleera. Amala odaa guutummaa guutuutti kanan irratti arge garuu Odaa Roobaafi Odaa Kallachaa kan naannoo magaalaa Tulluu Boollootti argamuudha. Odaan Roobaa waan narraa fagaatuuf jedheen kan Odaa Kallachaa kanarraa sanyii walitti qabe.'' Odaan kan ittiin beekamu keessaa hiddaa fi damee hedduu qabaachuu, mukni biraan irratti biqilee kan hin dhaallee fi bineensi nama miidhu kan itti hin galle ta'uusaati jedhu Obbo Zinaabuun. Amaloota kanneen Odaa Kallachaarratti ergan argee mirkaneeffadheen firii irraa guuree dhaabee kunuusuu eegale jedhan. Amalli walhormaata Odaa iccitiidhaan akka ta'etu himama, odaan guyyaa hin daraaru,iccitiidhaan walhora jedhama. Kanaafuu akkamiin firii odaa argattan jennee isa gaafanneef, ''Odaan hin daraaru. Kan nama ajaayibu garuu Odaan bonaafi ganna firii qaba. Bonaa fi ganna lalisa. Firiin isaallee ni nyaatama. Daraaruu baatus duudaa ta'ee keessa isaatti sanyii horata. Mixiitu keessa seentee walquunnamsiifti kormaafi dhalaa isaa. Isa booda anis kitaabilee mukeen akka harbuu, qilxuufi Odaa akkamiin oomishuun akka danda'amu ibsan dubbisuun eegale. Haala kanaanin kan Odaa irratti xiyyeeffadhee sanyii filadhee kunuunsa eegale.'' ALI Onkoloolessa bara 2009 manuma jalatti firiin an cuuree goske biqile jedhu Obbo Zinaabuun. ''Biqiluusaa wayitan arge baayyeen gammade. Isaa booda mootummaa naannoo Oromiyaa deggersa gaafanne.
Mootummaanis naannoo Sabbataatii lafa nuuf kennee irratti kunuunsaa nuun jedhe. Golgaa ykn Green house hojjennee kunuunsuu eegalle. Haala kanaan baay'isnee oomishuu eegalle.'' Yeroo ammaa buufata Sabbataa fi Oolankomiitti biqiltuu kuma 30 kunuunsineerra. Odaan Hooda jedhamee uummata Oromoo biratti bakki guddaan kennamuuf akkamiin dhaabamee biqila falmiin jedhu namoota baay'ee irraa nu mudate jedhu Obbo Zinaabuun. ''Akkamitti Odaan biqiluu danda'a kan jedhu gaaffii guddaa ture. Kana uummata amansiisuun qormaata ture. Hooda ta'uu isaarraan kan ka'e sirumaa Odaan ni biqilaayyuu jechuun uummatarraa gaaffiin ka'aa ture. Nutimmoo Odaan yeroosaatu geenyaan biqile jenna. Odaan amma biqilee kunuunfameera. Uummataafis raabsaa jirra.'' Odaan akkaataa uumamaatiin biqilee , biqiltuusaa kunuunsaa akka jirru uummata amansiisuuf magaalota Oromiyaa Finfinneerraa fageenya kiilomeetira 100 irratti argaman irra deemnee amansiisuuf yaalleerra jedhu Obbo Zinaabuun. Bara 2010 irraa eegalee uumanni akka fudhatee dhaabuuf hojiin hubannoo uumuu nuti hojjetaa turre baayyee fudhatama hin arganne kan jedhan Obbo Zinaabuun bara kana garuu erga xiyyeeffannoon mootummaa biqiloota dhaabuu fi kunuunsuu ta'ee as keenyas keessa xiyyeeffannoo argateera jedhan. ''Biqiltuun Odaa utuu hin dhaabamin waggaa lama guutanii nu jalaa baduuf turan. Kun biqiltuu Odaati jenneema uummata amansiisuutu qormaata ture. Kaan kun biqiltuu harbuuti jedha, kaanimmoo qilxuudha jedha, rakkoo guddaatu ture. Amma kunoo abdii horanneerra. Birrii shantamaan biqiltuu tokko gurguraa jirra. Keessas seenaa Oromoof gumaachuu waan ta'eef jenneetuma gatii gadi buusne.'' Akka naannoo Oromiyaatti waggaa waggaadhaan biqiltuu dhaabuun hojii xiyyeeffannaa qabu ture, garuu dhugaadhaan waan lafarratti mul'atu miti jedhan Obbo Zinaabuun.
Akka naannoo Oromiyaatti waggaa waggaadhaan biqiltuu dhaabuun hojii xiyyeeffannaa qabu ture, garuu dhugaadhaan waan lafarratti mul'atu miti jedhan Obbo Zinaabuun. Bara kanammoo xiyyeeffannoo addaatiin mootummaan Ministira Muummee Dr.Abiy Ahmadiin durfamu dhaabbii biqiltuu labsanii waan jiraniif abdii qabna jedhan. ''Mootummaanis akka nu gargaaru itti iyyanneerra. Abdii qabna. Biqiltuun kun qabeenya dhuunfaa osoo hin taane kan Uummata Oromoo hundaati. Biqiltuuwwan biroo caalaa xiyyeeffannoo argachuu qaba. Kanaafuu mootummaan karoora biqiltuu miiliyoona 200 guyyaa tokkotti dhaabuuf qabate kana keessatti keenyarrattis xiyyeeffachuu qaba.'' jedha Zinaabuun. Guyyaa kaleessaa gareen Miidiyaa OMN biqiltuu Odaa 700 irraa fudhachuun iddoo lammiileen Oromoo Irreecharratti itti dhuman irra dhaabuu kan dubbatan Obbo Zinaabuun namoonni biroonillee akkasumas biqiltuu Odaa kana fudhatanii dhaabuun seenaaf kaa'uu qabu jedhan.
Ajajaan poolisii Moqaadishoo bombii al-shabaabiin kiyyeeffameen ajjeeffame Komishinarri poolisii magaalaa Guddoo Somaaliiyaa-Moqaadisho, Farahaan Adaan boombii hidhattoota garee al-Shabaabiin daandii qarqaratti kiiyyeefame dhohuun ajjeefaman. Komishinarri poolisii maqaa masoo Faarhaan Qaaraalee jedhamun beekamu kunis guyyaa Jimaataa Fulbaana 30, 2022 aanaa Baala’aad jedhamtuufi kan magaalaa guddoo biyyattii irraa karaa kaabaatti fageenya km 35 irratti argamtuutti kan boombiin ajjeeffame. Komisharichis wayita konkolaataansaa boombii gareen hidhattoota al-shabaabiin kiyyeeffame jedhame dhohuun rukutameettis kokolaataa poolisootaan dabaalamuun imalaa ture jedhameera. Boombiin amma dhohuun komishinarichi galaafate kunis kan gareen hidhattoottaa kunis osoo ollaa baayyee murteessu taatee Baasiraa kan naannoolee Shabalee gadii fi jidduu galaa wali qunnamsiiftu hin bahiin dura kan kiyyeessan ta’u akka hin ollee dubbatama. Komishinnarri poolisii amma ajjeeffaman kunis osoo ajajaa human poolisii naannoo Baanaadiir kan Moqaadishootti argamtuu hin ta’iin duras, ajajjaa human poolisii addaa Somaaliyaa turan. Ajajjaan poolisii kunis baatii Caamsaa darbe keessaa fi wagga darbe ammo baatii Adooleessaatti yaaliiwwan ajjeechaa irratti raawwatamanii ture irraa hafanii ture. Ajjeechaa qondaala poolisii olaanaa kana ilaalchisuunis pirezidaantiin piyyattii Hansan Sheek Mohaammud, pirezidaantiin Somaaliyaa duraanii Mohaammad Abdulaahii Faarmaajoo fi qondaaltoonni olaanoon Somaaliyaa kan biraa gadda itti dhagahame ibsaniiru. Haleellaan amma komishinaricha kananarratti raawwtaame kunis haleellaa jalqaba baatii kanaa irraa jalqabee milishoota gosaa naannoo Hiiraantti argaman deeggarsa mootummaa Somaaliyaa fi waraanaatiin garee al-shabaab irratti bane hordoofuun.
Haleellaan amma komishinaricha kananarratti raawwtaame kunis haleellaa jalqaba baatii kanaa irraa jalqabee milishoota gosaa naannoo Hiiraantti argaman deeggarsa mootummaa Somaaliyaa fi waraanaatiin garee al-shabaab irratti bane hordoofuun. Kanaanis milishoonni naannoo Hiiraan harka hidhattootaa baasuun to’achu danda’aniiru. Gareen al-shaabaab Somaaliyaa keessatti karaa kibbaa fi jidduugalaatti naannawaa bal’aa to’atee kan ture ta’ulleen, garichi erga Moqaadishoodhaa dadhiisee baheen booda haleellaa qindaa’aa amma irratti banameen haala kana dura hin turren eddoowwan qabtee ture gadhiisuun bahaa jira. Ministirri Raayyaa Ittisa Somaaliyaa, Abdiikaadiir Mohaammad Nuur, guyyaa Jimaataa miidyaa biyyatti irratti akka dubbataniitti, waraanni jiraattoota naannoolee waliin ta’uun baasiraa dabalatee naannoo Shabalee dakaa keessatti magaaloota sagal to’achu himan.
Kooriyaan Kaabaa biyya meeshaa Niwukileeraa hidhatte tahuu labsite Kooriyaan Kaabaa seera biyya niwukileeraa tahuu ishee labsu raggaaisuu ishee miidiyaan biyyattii KCNA gabaase. Hogganaan biyyattii Kiim Jong -Un murtee darbe kun ''kan hin jijjiiramne'' fi gabbisa niwukileeraa kana dhabamsiisuuf haasaa kamiyyuu hin simadhu jedhan. Seerichi biyyattiin haleellaa niwukilera ofirraa ittisuuf jecha dursitee fayyadamuu akka dandeesuus hima. Qoqqobbii hedduu irratti darbeen dabalata Piyoongiyaangi bara 2006 hanga bara 2017tti Kooriyaan Kaabaa yaalii niwukilera si'a jaha taasifteetti. Waliigaltee Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii cabsuun humna niwukilera ishee haalaan guddisaa jirti. Kunis biyyoota ollaa ishee doorsisuufi gidduugala Ameerikaallee haleellaa ishee keessa hamma galfattutti hojjechaa turte. Kim bara 2019 yaalii niwukileeraa fageenya dheeraa deemu gaggeesse. Doonaaldi Tiraampi kan yeroo sana pirezidaantii US turan waliin mariin gaggeessanis milkii malee hafe. Mariin biyyoota lameen gidduutti yeroo sana jalqabes achumarratti dhaabbate. Bulchiinsi Joo Baayiden Piyoongiyaangi waliin mari'achuuf fedhii qabaachuu himanis, Joo Baayiden Kiim waliin wal arguu isaanii irratti waan jedhe hin qabu. Waayit Haawus weerara Koroonaavaayirasii irratti Piyoongiyaangi deeggaruuf gaafattus deebii qaamni kenneef hin jiru. Ameerikaan bara darbe imaammata Kooriyaa Kaabaa irratti qabdu madaaluun ''guutumaatti niwukilera dhabamsiisuun'' galma isaanii dhumaa tahuu dabaluun himaniiru. Joo Baayiden dippilomaasii fi ''haleellaa humna makateen'' akka itti deeman ibsaniiru. Kim ammoo biyyi isaanii marii ''dippilomaasii fi morkiif'' qophii tahuu himaniiru. Muddamni odola Kooriyaa irraa haalaan dabaleera. Sababi isaa ammoo Kooriyaan Kaabaa yaalii baalistik Misaa'elii hedduu bara kana waan gaggesiteef.
Sababi isaa ammoo Kooriyaan Kaabaa yaalii baalistik Misaa'elii hedduu bara kana waan gaggesiteef. Kooriyaan Kibbaa fi US yaalii misaa'elotaa fi shaakala waraanaa waliinii bara darbe gaggeessuun deebii kennan.
Loltoota Daa'immanii: Daa’imman hidhatan waraana Tigraay keessa mul’achuun gaaffii kaase ''Haga har'aallee mucaan ani mandara keenyatti ajjeese sun abjuun natti mul'ata. Abjuudhaan natti dhufee akkasumaan na ajjeefte jedhee natti dubbata.'' Kun jecha intala ganna 16tti ijoollummaatti loltuu turte, Rippaablika Giddugala Afrikaatti waggootaan dura Fannoo Diimaa Ameerikaatti dubbattedha. Dhiyeenya kana miidiyaan biyya Ameerikaa New York Times waraana Tigraayiin walqabatee gabaasa dhiyeesse keessatti [Afaan Ingliiziin] suuraalee hedduu fayyadame keessaa tokko, ijoolleen umuriin isaanii xixiqqaafi loltummaaf hin geenye fakkaatan meeshaa waraanaa qabatanii wayita imalan kan mul'isu ture. Suuraa gabaasa kana keessatti New York Times fayyadameen, umurii ijoollee kanaafi waraana keessatti hirmaachuufi dhiisuurratti BBCn addatti waanti mirkaneesse hin jiru. Gabaasa kana keessaa suuraan haalaan qoodamaa jiru kan bahe ykn haqame oggaa tahu, miidiyaaleen biyya keessaa mootummaa wajjin hidhata qaban gabaasicha ''tasumaa kan madaalawaa hin taanedha,'' jedhaniiru. Dhaabbanni Pireesii Itoophiyaa: ''Niw Yoork Taayims... jaalala TPLF qabaachuusaa haala ifa godhuun, yakka idil -addunyaa kan tahe daa'imman waraanaaf bobbaasuu booddeetti jedhee... dargaggoonni TPLF'tti makamaa jiru jechuun gabaasa hojjeteera,'' jechuun himata. Dabaluunis suuraan odeessa kanaaf fayyadames ''gareen shororkaa kun daa'imman waraanatti bobbaasaa akka jiru ifatti mul'isa,'' jedha. Mootummaan Itoophiyaafi miidiyaaleen biyya keessaas waraana Tigraay irratti miidiyaaleen idil-addunyaa gabaasa madaalawaa hin taane dhiyeessuun irra deddeebiin himatu. ''Miidiyaaleen warra Lixaa michummaa TPLF wajjin qabaniin, waan lafarra jiru gabaasuurra, waa uumanii gabaasu...'' jechuun himata Dhaabbanni Pireesii Itoophiyaa.
MM Abiy Ahimadis ''Hawaasni idil - addunyaa waa'ee beelaa haasa'aa turuu isaa dagatee yeroo TPLF daa'imman lola irratti hirmaachisu calliseera,'' jechuun himataniiru. TPLF ''Daa'immaniifi dargaggoo lola keessa galchaa jira,' jechuun kanneen du'arraa oolchun dirqama Raayyaa Ittisa Biyyaa ta'eera jedhan. Haata'u malee dhimma loltoota daa'immanii kan tibbana ijoo dubbii ta'e kanarratti garee TPLF wanti jedhe omtu hinjiru. Odeessa kana keessatti 'child soldiers' kan jedhaman eenyu fa'i? kan jedhuufi dhimmoota kana wajjin walqabatan kaanis ilaalla. Akka hiika Konvenshinii Mirgoota Daa'immanii UN'tti daa'ima jechuun: ''nama umuriinsaa ganna 18'n gadi tahedha.'' Gama kaaniin Konvenshiniin Jenevaa bara 1949 hojiirra oole, eegumsa daa'immaniif jecha umuriin daa'imman loltuu 'child soldier' 15 jechuun hiika itti kenna. Pirootokooliin bara 1977 fooyya'e ammoo ganna 18 jedha. Waliigalteewwan dhimma kanarratti qaamolee garagaraan ragga'an hedduun jiru (Idil - addunyaa, ardiifi biyyootaa). Waliigalteewwan kun qacarrii fedhiirratti hundaa'eefi dirqisiisaa tahe jechuun umuriin gargar baasu - garri caalu waliigaltee kanneenii 15 fi 18 jechuun hiika kennuuf. Qajeelfamoota kanneen akka waliigalaatti wayita ilaallu, 'daa'imman loltuu ta'an' kan jedhaman: ijoollee dubraafi dhiiraa ganna 18n gadi tahaniifi qaama waraanaa idileefi idilee hin taaneeti. Hiikaan kun daa'imman qawwee (meeshaa waraanaa) qabatanii bobba'an qofa miti kan dabalatu - gareewwan waraanaati jedhaman keessatti: nyaata bilcheessuu, meeshaa baachuu, ergamuu fi garee kanniin wajjin hidhata qabaachuun hiikkaa kana keessatti hammatama.
Kanarra dabrees ijoollee dubraafi dhiiraa humnaan qunnamtii saalaaf saaxilamanis ni dabalata. Waliigalteen UN: Optional Protocol to the Convention on the Rights of the Child on the involvement jedhamuufi bara 2002tti hojiirra oole: ''Biyyoonni humna nageenyaa isaanii keessatti miseensonni umuriin isaanii 18 gadi tahe waraana kallattii keessatti akka hin hirmaanne mirkaneessuu qabu,'' jedha. Pirootokooliin kun erga irratti waliigalamee booda Itoophiyaa dabalatee biyyoonni 171 mallatteessuun fudhataniiru. Itoophiyaan pirootokoolii kana 2010tti mallatteessuun, 2014tti raggaasiste ykn kan duraan qabdurratti dabaluun fooyyessite. Daa'imman addatti qacarrii waraanaaf saaxilamoodha - maaliif jennaan, akka salphaatti gowwomfamuu waan danda'aniifi lola keessatti waanti tahaa jiru maal akka tahe hubachuu dhabuun diduu waan hin dandeenyeef jedhama. Gara caalu daa'imman kan loltummaatti makaman, yoo harka qalleeyyii tahan, maatii isaaniirraa yoo gargara bahan, yoo qe'eerraa buqqa'an, naannoo waraanaa keessa yoo jiraataniifi carraa barnootaa yoo hin argatan tahedha. Sababa kanaan, yatiimonni (kanneen abbaafi haadha hinqabne) fi daa'imman baqattoota tahan kanaaf saaxilamoodha. Daa'imman hedduun garee hidhattootaatti kan makaman dhiibbaa diinagdeefi hawaasummaarraa kan kahedha jedhama. Sababni isaas gareen isaan itti makaman, wabii nyaataafi nageenya nuu mirkaneessa jedhanii waan amananiif. Kaan ammoo humnaan dirqamanii garee hidhattootaatti makamu. Kunis dirqiin butuufi sodaachisuun - yoo nutti makamuu baattan maatii keessanirratti balaan garaagaraa ni gaha kan jedhuun sodaachisuun akka makaman taasisu. Lammiin DRC Thomas Lubanga Dyilo Mana Murtii Yakka Idil-addunyaatti (ICC) nama yeroo jalqabaaf mana murtichaatti balleessaan itti murame yoo tahu, himatasaa keessaa daa'imman umuriin ganna 15 gadii waraanatti bobbaasuu kan jedhu ture.
Lammiin DRC Thomas Lubanga Dyilo Mana Murtii Yakka Idil-addunyaatti (ICC) nama yeroo jalqabaaf mana murtichaatti balleessaan itti murame yoo tahu, himatasaa keessaa daa'imman umuriin ganna 15 gadii waraanatti bobbaasuu kan jedhu ture.
Waraana Siiriyaa: Siiriyaan reeffa arkiyoolojistii garee hidhataa ‘IS’ dhaan mormi irraa murame argatte Qondaalonni Siiriyaa arkiyoolojistii beekamaa garee Islamic State jedhamuun bara 2015 yeroo inni magaalaa durii Paalmiiraa eeguuf yaalaa turetti ajjeefame reeffasaa arganne jedhan. Gareen hidhataa kuni Kaaliid al-Asaad, manguddoo ganna 82 hambaaleen seenaa gatii-jabeessaa eessa akka jiran himuu didnaan addabaabaayitti isaan gorra’e. Miidiyaan mootummaa reeffi nama kanaa kan namoota biroo sadii waliin naannoo Kaahluul baha Paalmiiraatti argame jedha. Eenyummaa isaanii mirkaneessuuf garuu qorannoon DNA ni taasifamas jedhaniiru. Ajjeechaan kuni yeroo IS hambaalee seenaa UNESCO dhaan galmaa’an to’atee turetti kan raawwatame dha. Kaaliid al-Asaad waggoota 50 ol Paalmiiraa gammoojjii Siiriya kaaba-baha Damaasqasitti hojiitti dabarsan. Namni kuni bara 2003tti sooruma bahanii iddoowwan hambaa seenaatti hogganummaan otoo qorannoo hojjetaniiti bara 2015tti IS dhaan kan ajjeefaman. Ilmaansaanii dhiiraa sadii fi soddaansaanii arkiyoolojistoota turan hambaalee seenaa qabataniiti gara magaalaa guddootti baqatan. Hambaalee kana godambaa magaalaa Taadmoor jedhamturraa fuudhan. Asaad garuu mana koorraa eessayyuu hin deemu jechuun cichaniima achumatti hafan. ‘’Ani nama Paalmiiraa dha, na ajjeesanillee asuman tura,’’ jedhan. Asaad boodarra IS dhaan qabamuun iddoowwan hambaaleen seenaa jiran akka himan gaafataman himuu didnaan addabaabaayii Taadmooritti baatii Hagayyaa keessa mormisaanii qalamee du’an. Rogeeyyiin reeffasaanii mukarratti rarra’ee jiru agasrsiisu miidiyaa hawaasaa irratti qoodaa turan. Waraqaan ‘hogganaa Paalmiiraa waaqeffatu’ irratti maxxanfamees ture. Hoggantuun UNESCO yeroosii Iriinaa Bokoovaa IS Asaad kan ajjeese ‘’jaalala Paalmiiraaf qabu gatii dabarsee kennuu dideefi,’’ jettee turte.
Hoggantuun UNESCO yeroosii Iriinaa Bokoovaa IS Asaad kan ajjeese ‘’jaalala Paalmiiraaf qabu gatii dabarsee kennuu dideefi,’’ jettee turte. Ajjeechaa kanaan torbee tokko booda IS iddoowwan Paalmiiraa seena-qabeessa jaarraa 1ffaa fi 2ffaatti ijaaraman mancaaseera. Manneetii sagadaa Baalshaamiin Beel dabalateee gamoowwan barbadaa’aniiru. Bara 2016tti gareen hidhataa kuni naannicha deebisee qabachuun siidaawwan abbaa utubaa afurii jedhaman barbadeessera, Bara 2017 humnooti mootummaa naannicha to’atanis deebisanii ijaaruun garuu sababa wal-waraansa biyyattii keessa adeemaa jiruun hin danda’amne. Yeroo tokko IS iskuweer kiloomeetirii 88,000 qabatee ture. Kunis daangaa lixa Siiriyaa hanga baha Iraaq kan gahu yoo tahu uummata miiliyoona saddeet tahaniis haala suukaneessaa taheen bulchaa ture. Gareen kuni to’annoosaa duraaniirraa bara 2019tti akka bahu kan taasifame yoo tahu, akka gabaasni UN jedhutti ammallee milishoonni 10,000 Siiriyaa fi Iraaq keessatti socho’u. Caasaa xiqqoodhaan gurmaa’anillee biyyoota kunneen keessatti haleellaa lubbuu namoota galaafachaa jiru akka adeemsisan ni himama.
Injifannoo Aduwaa 125ffaa: Injifannoon Aduwaa walaloofi walleen akkamiin yaadatama? Aduwaan injifannoo guddaa Bitootessa 1, bara 1896 galmaa'edha. Kibxatni har'aa waggaa 125ffaa isaati. Injifannoon Aduwaa kun biyyarra darbee seenaa warra gur'aachaa keessattillee ol kaafamee himameera, himamaas jira. Hayyoonni seenaa qoratanii katabaniiru; artistoonni suuraafi fakkiin ol-kaa'aniiru, walaloo barreessanii weeddisaniiru. Artistoota waa'ee injifannoo Aduwaa weeddisan keessaa Artist Haacaaluu Hundeessaa adda durummaan ka'a. Gahee Oromoonniifi jeneraalonni waraanaa Oromoo, akkasumas fardeen isaanii injifannoo Aduwaa kessatti qaban ogummaa qabuun himaa ture. Nuun mitii farda keenyaa, Ni beekuu bareechanii, Gaafa lola Adawaa, Gaafa Maqalee sanii… jechuun cookee geeraruun qalbii namoota hedduu keessa kaa'eera Artist Haacaaluun. Artist Darajjee Balaayineh gahee namoota ogummaa qabaniin gurra guddaa horatan waan isaan injifannoo Aduwaarratti barreessaniifi weeddisan kaasuun akkasiin seenesseera. Namoonni Darajjee barreeffama isaa kanaaf filate ammoo walaloo Looret Tsaggaayee Gebramadihiniifi weedduu Artist Ijigaayyoo Shibaabbaawudha. Duula Aduwaafi injifannoosaa yeroo qalbiin yaadannu imimmaaniifi weedduu kolfaatu walfaana nutti foorica. Gama tokkoon waggoota dheeraa dura haarsaa dhiigaan cuubame, karaa biraa ammoo mo'ichi ibidda bo'aan qoramee darbee addunyaa ajaa'ibsiiseefi misiraachoo mo'ichaa addunyaaf labse kun yeroo warqee ta'ee dhufu miira lakkuu namatti uuma. Haadha faaruu Aduwaa kan taatee Ijigaayyoo Shibaabbaaw kan isheen akkas jechuun weeddisteef fayyuma miti. Sabboonummaan, kabajaan, gammachuun, jaalalaan, Kunoo guyyaa guyyaan mo'ichaan jiraachaan jira.
Gidiraa isaafi dhiphina isaas akkasuma. Miirri walmakaa, yaadannoo addaa kun faaruufi yeelala yeroo mara yaadatamudha. Injifannoo ajaa'ibaa sana booda gootota wareegaman akka Fitawuraarii Gabayyoo Gurmuu dhabuun hiriyyoota isaatiif dhukkubbii ture. Lubbuu namaa kaffalanii, waan gati jabeessa kennanii waan biraa gati jabeessa ta'e fudhachuun salphaa hin turre! Gootonni keenya, of tuultota nu arrabsaafi nutti ga'isaa ture, halbee nuuf qarame ture harkaa butanii kan waajoo golee keenyarraa cabsan dhiiga isaaniitiin ture. Oduu misiraachoo kan nu dhageessisan, wareegamanii injifannoo kana kan argamsiisan, seenaan keenya akka seenaa boonsaa ta'u kan taasisan diina waliin kokkee walqabanii gatii dhiigaafi dafqa xuruurfachuun ture. Kanaaf, gootonni keenya kun har'a seenaa hin dulloomneen yaadatamu. Faajjii mo'icha keenyaa yeroon irraa hin darbine waan ta'aniif madda sabbuunummaa keenya yeroo hundaati. Haarsaan akka mataa keenya ol-qabannu nu taasise kun sanyii lafa borqaterra bu'ee hafe hin taane. Onnee artistoota keenya keessatti biqilee margee, daraaree, asheetee weedduufi walalootiin onnee keenya keessaa burqa. Artistoota injifannoon dhale keessaa waa'ee Aduwaa ogummaa guddaan, jechoota human qabaniifi seenaa kaleessaa sanatti lubbuu horuun ol kaasanii himan nuti hedduu dinqisiifannu keessaa Looret Tsaggaayee Gabremedihiniifi Ijigaayyoo Shibaabbaawu addatti yaadatamu. Abbootiin ogummaa barreeffamaafi artiidhaan waa'ee Aduwaa hedduu jedhaniiru, garuu kaayyoon barreeffama kanaa guyyaa injifannoo kanaa yaadachaa hojii Tsaggaayee Gabremedihiniifi Ijigaayyoo Shibaabbaawu irratti fuulleffanna. Dhugaa dubbachuudhaaf gama seenaadhaan hanga injifannoo Aduwaa guddaa kan ta'eefi dorgomsiisuudhaafillee kan itti gitu hin jiru.
Injifannoon kun ashaaraa ajaa'ibaafi siidaa jabaa seenaa keenya keessaa mul'atudha. Aduwaan seenaa guddaa idil-addunyaarratti gurra guddaa qabuufi galmee seenaa addunyaarratti kan bakka hedduu qabate injifannoo guddicha. Kana waan ta'eef, biyyoota gara garaa keessatti hedduu barreeffameera; hedduus farfameera. Nu birattis waggaa waggaan, yeroo tokko tokko ammoo carraa argameen qalama ogeessotaan ni katabama, ni faarfamas. Dargaggoo Abbaree Ayyaaloo kitaabsasaa "Firdinnaa Irdi" jedhurratti waa'ee Aduwaa akkas jechuun guddinaafi kabaja injifannoon kun addunyaarratti qabu kan ibseef kanaaf ta'uu hin oolu. Aduwaan safara miti - Aduwaan mandaras miti Seenaasaatiin biyyadha - ardiidha addunyaa bal'...aa. Minilikfaa eebboon bahanii - madifii dura kan dhaabbatan Goraadee luqqifatanii - fiiguudhaan qawween kan dhumani Bilisummaa hawwaniif - dhiigasaanii kan dhangalaasan Safaraaf qofa miti - injifannoo ardii hin xureessinaa. Kun injifannichi hangam guddaa akka ta'e agarsiiftuudha. Akka qilxuus damee hedduu qaba. Himamees kan dhumu miti. Waraanni qonnaan bulaa biyya iyyeettii tokkoo humna biyya Awurooppaa meeshaa ammayaa hidhateefi loltummaa ammayyaan leenji'e mo'ate jechuun waan akka hiibbootti lakkaa'ama. Garuu qabatamaan mul'atee addunyaa afaan qabachiise. Kanaaf, guca bilisummaa, agarsiiftuu injifannaafi raajii ummata gur'aachaa hin eegamnedha jechuu ni dandeenya. Bo'oo walaloo weellistuu Ijigaayyoo Shibaabbaawutti yeroo deebinu kana argina. Nama ta'uun kabajaa Namni du'eera nama oolchuudhaaf,.. "Nama ta'uun kabaja," yeroo jettu kabajni namaa bilisummaarra jalqaba. Yaadni kun gara jecha Toomaas Jefarsan nu geessa. 'Dhalli namaa uumama bilisa ta'ee dhalatedha' kan inni jedhee ture nama yaadachiisa.
Abbootiikoo, ijoolleen biyyakoo biroonis hanga har'aa waan kanatti amannuuf gabrummaa tole hin jennu. Aduwaan agarsiistuufi bu'aa diddaati. Ijigaayyoo Shibaabbaawu: Jiruun har'a bilisummaan naaf kenname, Namni itti kaffalameera dhiigaafi lafeen… jetti. Looret Tsaggaayee Gabramedihin ammoo kitaaba isaa "Isaat way Ababaa" jedhurratti akkas jedha: Aduwaa hambaa sanyii lafee Dhukkee dhiigaa sabbannishee Du'aa garbummaa jalaa urrii ittiin ba'an Dhiiga bilisummaaf wareega galfatan Guyyaa abbootiin siif kufanitti Bo'oon walaloo Looret Tsaggaayee kun kan gara duubaafi fuula duraatti ilaalu, kan buusee baasu, dirree haarsaa sanaa hanga bilisummaatti kan seenessudha. Toora walaloo kanaan turuu isaa kan agarsiisu dhiigni gogee dhukkee ta'ee biyyootti makamuu isaati. Dhiigni goge garuu bittinnaa'ee hin hafne, sabbata ta'ee tokkummaa Itoophiyaa eegsiseera. Dhiiga keessa lubbuun jira, lubbuu bilisummaaf kafalame. Kanaaf, barreessitoonniifi artistoonni Aduwaa dhiigni itti kaffalameera! Namni itti wareegameera! kan jedhaniif. Maddi ka'umsa waraana Aduwaa, "Nu hin tuqiinaadha!" Ijigaayyoo Shibaabbaaw kanaaf ragaan ijaan arge Aduwaadha jetti. Gaarreen Aduwaa - Aduwaa - samii isaa, samiin kan dhungate hidhii gaarreewwanii… barbadaa yaadannoo keessoo isaatii burqu - Fitawuraarii Gabayyoon - keessa galee yeroo gubatutti - jireenya miyooftuu weedduu bilisummaa har'aaf… kan garbummaa keessaa ittiin urrii bahanidha. Gaarreen arrabni ibidda matarayyasiin bobeesse, madifii biyyoo qote, bosona bitaafi mirgaan dibbee rukkutamuun raafame malee seenaa barreeffamaan qofa osoo hin taane Aduwaan ofuma isaa yaa dubbatu jetteetti weellisuun kun.
Gaarreen arrabni ibidda matarayyasiin bobeesse, madifii biyyoo qote, bosona bitaafi mirgaan dibbee rukkutamuun raafame malee seenaa barreeffamaan qofa osoo hin taane Aduwaan ofuma isaa yaa dubbatu jetteetti weellisuun kun. Ijigaayyoon sirba ishee keessatti kanaaf irra deddeebitee 'Tinnaager… tinnaager' kan jettu. Aduwaan ofumaan yaa dubbatu jechuusheeti. Looret Tsaggaayee Gabramadihin akkas jedha: Yaa Aduwaa ishee fagoo Hiiroo kattaa ishee qarqara lafaa Daassiin qayyootashee/urriishee kan bantii gubbaa. Hiiroo/utubaa hin kufne ishee godhanii kan darban, qarqara lafaa bira hin gahamne godhanii seenaa ishee kan barreessan dhaloonni sabboonoon turaniiru. Itti fufuun akkas jechuun walaoo afaan Amaaraan miidhagsa Looret Tsaggaayee. Waa … Aduwaa…. jechuun jalqabee hojii gootummaafi gootota dirree Aduwaa akka Gabayyoo Gurmuufaa kaasuun ol jecha isaa jajjabaa sanaan himeera. Barreessaa fi qeeqa ogbarruu dhiyeessuun ka beekamu Darajjee Balaayinah hojiilee walaloo fi barreeffamaa kaan sagal Afaan Amaaraatiin maxxansiiseera. Gaazexaawwaniifi barrulee adda addaarratti qeeqa dhiyeessuun beekama.
Waraana Sooriyaa: Daa'imni ganna 3 yeroo boombiin dhohu kolfitu Turkiitti baqatte Daa'imni Sooriyaa ganna sadii kan abbaan ishee akka isheen hin sodaanneef jecha yeroo boombiin dhohutti akka isheen kolfitu ishee barsiise nagaan Turkii seenuushee gabaafame. Salwaan vidiyoo ji'a darbe keessa hedduu ilaalameen beekkamti argatte. Viidiyoon kun kan agarsiisu yeroo xiyyaarooti waraanaa naannoo mana jireenyaa ishee Idlibitti boombii buusanitti tapha isheen taphattu agarsiisa. Torban tokko booda mootummaan Turk ishee fi maatiin ishee daangaa ce'aani akka biyyattii galan gargaaru isaa himameera. Sooriyaa keessatti Idlib bakka ijoo finciltootaan to'atamu jirudha. Salwaafi abbaanshee Abdullaah Mohaammad haleellaa qilleensarraan dhufu kana keessa darbuuf mala addaa dhahatani. Yeroo boombiin dhohutti sodaachuurra akka isheen kofaltu ishee barsiise. Yeroo ijoolleen richiitiin taphatan sagalee jiru itti agarsiisuufi sagaleen dhohiinsaa waan taphaa ta'uu akka danda'uu itti himuun daa'imni isaa akka tasgabbooftuufi gammadduu akka taatuuf gargaareera. Taphni abbaafi intalaa kun miira namoota hedduu tuquun mootummaan Turkii akka isaan baqatanii ba'aniif akka isaan gargaaru taasiseera. Guraandhala 25 irratti daangaa Silvegozutiin gara Turkiitti ce'uu isaanii midiyaan biyyattii 'Anadolu Agency' gabaaseera, Kaampii baqattoota kibbaa Turkiitti argamu Reyhaanilitti geeffamaniiru jedhama. Abdullaah Mohammad isaafi daa'imni isaa vidiyoo isaaniitiin hawaasa addunyaaf ergaa dabarsuu akka yaalan midiyaa Turkiitti himeera. Turkii ga'uu isaafi Salwaan mana barumsaa seenuuf carraa argachuu isheen gammadaa ta'uu isaa dubbateera. "Waraanni Sooriyaa dafee dhaabatee gara sanatti utuun deebi'ee nan hawwa," jedha. Turkiin ammatti baqattoota Sooriyaa miiliyoona 3.7 keessummeessaa jirti.
Turkiin ammatti baqattoota Sooriyaa miiliyoona 3.7 keessummeessaa jirti.
Mootummaan waloo hogganoota lamaanii wayita dhaabbatu duree mana amantaa Kaatolikii addunyaa Poop Firaansiis dabalatee namoonni bebbeekamoon hedduun biyyattii daawwachuuf beellama qabatanii jiru.
Naannoo Buufata Xiyyaaraa Asmaraatti dhohiinsa guddaa dhagahuu jiraattonni dubbatan Kaleessa galgala naannoo buufata xiyyaaraa Asmaraatti dhohiinsi meeshaa waraanaa guddaan dhagahamuu jiraattonni magaalaa Asmaraa BBC'tti himan. Dhohiinsi kun kan uumame erga rooketiiwwan lamaa ol ta'an furguggifamanii magaalaa Asmaraa keessa qubatanii booda yoo ta'u, sababiin dhohiinsichaa fi miidhaan inni geessise garuu hanga yoona wanti beekame hin jiru. Gama mootummaa Eertiraatiinis hanga yoonaa dhimma kanarratti ibsi kenname hin jiru. Haata'u malee dhohiinsi sun osoo hin dhagahamin sa'atii muraasa dura qondaalli Naannoo Tigraay Obbo Geetaachoo Raddaa loltoonni Eertiraa isaan waraanaa jiraachuu ibsanii,''iddoowwan qiyyaafannoo bebbeekamoo'' biyyattiirratti xiyyeeffachuun misaa'elaan haleeluu akka danda'an akeekkachiisanii turan. Pirezidaantiin naannoo Tigraay Dabratsiyoon Gabramikaa'el Eertiraan mootummaa Itoophiyaa deggeruun nu haleelaa jirti jechuun irra deddeebiin komatu. Eertiraan gamasheen dhimma Itoophiyaa keessa harka galfattee akka hin jirre ibsitee turte. Ministirri Dhimma Alaa Eertiraa Obbo Usmaan Saalih Kibxata darbe gaafa guyyaa 10,11,2020 Rooyitarsiif ibsa akka kennanitti ''Eertiraan dhimma Itoophiyaa keessa hin seentu'' jedhanii turan. Sanabataa kaleessaa (14,11,20) halkan keessa loltoonni Tigraay buufataalee xiyyaaraa Gondarii fi Baahardaar misaa'elaan haleelaniiru jechuun mootummaan Itoophiyaa ibseera. Waraana mootummaa federaalaa fi naannoo Tigraay gidduutti guyyaa kudhan dura eegaleen lammiileen nagaa hedduun akka buqqa'anii fi gama lamaanuu loltoonni du'uu fi madaa'uun kan yaadatamuudha. Waraana daangaa dhiiga namoota hedduu dhangalaase hordofee Itoophiyaa fi Eertiraan waggoota kurna lamaa oliif wal-qoollifataa erga turanii booda wayita Ministirri Muummee Abiy Ahmad gara aangootti dhufan nageenyi biyyoota lameen gidduutti bu'eera.
Walqoccolloon mootummaa federaalaa fi mootummaa naannoo Tigraay gidduu ji'ootaaf ture erga gara waraanaatti jijjiiramee as daangaawwan Tigraay bakka garaagaraatti waraanni gaggeeffamaa jira. Dhaabbati Biyyoota Gamtoomanii akka jedhutti lola Tigraayiin hanga yoonaa lammiileen 17,000 ta'an baqatanii Sudaan galaniiru. Jiraattonni magaalaa Asmaraa halkan kaleessaa(Sambata 14,11,20) sagalee dhohiinsa gurguddaa irra deddeebiin dhagahaa akka turan dubbatan. Dippiloomaatiin maqaansaanii akka eeramu hin feene tokko,''akkan odeeffannoo argadhetti rookeetiiwwan hedduun dhiheenya buufata xiyaaraatti kufuu isaaniiti'' jechuun AFP'tti himan. Marsariitiin Oduu Eertiraa 'Tasfaa Niwus' jedhamu ammoo ''rookeetiiwwan lama Tigraay irraa gara Asmaraa furguggifamanii, buufata xiyaaraa Asmaraa dhabuun, handaara magaalaa Asmaraatti kufaniiru'' jechuun tiwiitara isaarratti barreesse. Oduun furguggifamuu rookeetiin dhagahamuu dura dubbi himaan TPLF hidhattoonni Eertiraa daangaa ce'uun Itoophiyaa seenanii mootummaa federaalaa tumsaa jiru jechuun, Eertiraa irratti tarkaanfii akka fudhatan ibsanii ture. Buufataalee xiyyaaraa Bahardaar fi Gondar irratti qiyyaafachuun haleellaan rookeetii Jimaata darbe(gaafa 13,11,20) raawwachuu mootummaan Itoophiyaa Samabata kaleessaa ibseera. Kanaanis rookeetiin tokko buufata xiyyaaraa Gondar irratti hanga tokko balaa kan gaggeessise yoo ta'u, yeroo walfakkaataatti rookeetiin biraan dhukaafamuun handaara buufata xiyyaaraa Baahardaaritti kufuu aanga'aan naannoo Amaaraa tokko Rooyitarsitti himaniiru. Buufataaleen xiyyaaraa lameenuu uummataa fi loltootaaf kan tajaajila kennan yoo ta'u, haleellaa uumameen miidhaan namarratti qaqqabe yogguma sana wanti ibsame hin jiru. Haleellaan kun mootummaa federaalaa haaloo ba'uuf akka raawwatame qondaalli naannoo Tigraay Geetaachoo Raddaa ibsaniiru.
''Hanga haleellaan uummata Tigraay irraa dhaabbatutti, nutis haleellaa qaqqabsiisuu cimsinee itti fufna'' jechuun TV Tigraay irratti dubbatan. Haleellaawwan dabalataa hedduu akka qaqqabsiisuuf jiranis ibsaniiru. Erga waraanni mootummaa federaalaa fi naannoo Tigraay gidduutti eegalee dhibbaan kan lakkaa'aman lubbuu dhabaniiru, namoota nagaarratti haleellaan raawwachuus gabaasonni ba'aa jiran ni mul'isu. Dhaabbati mirga dhala namaaf falmu Amnastii Intarnaashinaal, Wiixata darbe magaalaa Maayikaadraa keessatti ''lammiileen dhibbaan lakkaa'an meeshaalee qara qabaniin haala suukanneessaan ajjeefamuu'' mirkaneeffachuusaa ibsee ture. Ministirri Muummee Abiy Ahmad haleellaa raawwate kanaaf kanneen TPLF waliin michooma qaban himatan, naannoon Tigraay ammoo waan kana keessaa harka hin qabu jedhe. Komishiniin mirga namoomaa Itoophiyaa gamasaatiin dhimma kana qoratee adda baasuuf garee tokko garas erguu himeera. Paartiin TPLF kan siyaasa Itoophiyaa keessatti waggoota 27 darbaniif olaantummaa qabaachaa ture, battaluma MM Abiy 2018 keessaa gara aangootti dhufanii kaasee komii eegale. MM Abiy qondaaltoota TPLF mootummaa duraanii keessatti aangoo olanaa qabaachaa turan malaammaltummaa fi sarbama mirgoota namoomaatiin himachuun kaan yoo hidhan kaan aangoo mootummaa irraa ari'an. TPLF hogganooti hidhamanii fi hojiirraa ari'aman kunneen dhalattoota Tigraay waan ta'aniif addatti irratti fuulleffatame jechuun komata. MM Abiy bara darbe paartilee miseensota ADWUI saba bu'urreeffatani ijaaraman walitti baqsuun Paartii Badhaadhiina (PP) hundeessuun tarkaanfii biraa wal-diddaa qaamolee lamaanii hammeessedha. TPLF adeemsa MM Abiy mormuun paartii haaraa kanatti makamuu dide. Jalqaa bara kanaa erga mootummaan federaalaa sababa weerara koronaavaayirasiin filannoo biyyaaleessaa marroo 6ffaa dheeressee ammoo wal diddaan caalaa guddate. Naannoon Tigraay Fulbaana keessaa qofaatti filannoo gaggeeffatus, paarlaamaan federaalaa filannichi ''seeraan alaa fi kan akka raawwatameetti hin lakka'amnee'' jechuun murte dabarse.
Naannoon Tigraay Fulbaana keessaa qofaatti filannoo gaggeeffatus, paarlaamaan federaalaa filannichi ''seeraan alaa fi kan akka raawwatameetti hin lakka'amnee'' jechuun murte dabarse. Ergasiin booda, mootummoonni lamaan wal waliin ''seeraan alaa fi beekamtii heera kan hin qabne'' waliin jechuutti fufan. Jalqaba baatii Onkolooleessaa mootummaan federaalaa naannoo Tigraay waliin waliitti dhufeenya akka dhaabu akkasumas deeggarsa bajata naannichaa akka adda kutu manni maree federeeshinii murteesse. Sana duras ta'e sana booda mootummoonni lamaan agarsiisa humna waraanaa gara garaa taasisaa turan. Sadaasa 03, 2020 halkan humni addaa naannoo Tigraay buufata waraanaa raayyaa ittisaa achi jiru haleele jechuun MM Abiy tarkaanfiin waraanaa akka fudhatamu kan ajajan.
Kun kanaan otoo jiruu wayita boba'aan Sa'uudi haleelamu Iraan Ameerikaadhaan komatamuun ammoo waldhibdee isaan gidduu ture daranuu hammeesseera.
Beenishaangul Maanduraa bakka jedhamuutti namoonni 8 ajjeefaman Naannoo Beenishaangul Gumuz Godina Matakkal aanaa Maanduraa jedhamuutti halleellaa halkan Dilbataa eegaleen yoo xinnaate namoonni saddeet ajjeeffaman. Namoota biroo 11 irra ammoo miidhaan qaqqabuu bulchaan godinichaa Obbo Girmaa Taadasa BBC'tti himaniiru. Halleellichi meeshaalee qara qabanii fi meeshaa waraanaatiin raawwatamu kan dubbatan bulchichi, namoonni miidhaan irra qaqqabes hosipitaala Paawwiifi Chaagniitti wal'aanamaa jiru jedhaniiru. Akka Obbo Girmaan jedhaniitti, gandicha keessatti manni jireenyaa tokko gubateera, miseensa raayyaa haalicha tasgabbeessa ture tokko irras miidhaa qaqqabeera jedhaniiru. Guyyaa Sambataa halkan keessa namoonni eenyummaan isaanii hin beekamne aanicha ganda Gannata Maariyaam jedhamuutti mana Dura ta'aa keessa seenuun meeshaa isaa fudhachuun, cubeedhaan waraananii erga deemanii booda walitti bu'insichi eegalusaa Obbo Girmaan ni dubbatu. Sababii kanaan maatiin dura taa'aa gandichaa bakkeewwan garaa garaatii walitti qabamuun gandichatti marsanii namuma argatan irraan miidhaa qaqqabsiisuu isaanii himaniiru. ''Kana duras rakkina naannichatti umamee tureef hawaasichi wal amanaa waan hin jirreefu, ammas kun haala sanaan kan walqabate ta'u danda'a'' jedhaniiru. Kana dura miidhaa Jaawwiitti umamee ture kan yaadatan Obbo Girmaan, amma keessa miirri haaloo bakkeewwan adda addaatti bal'inaan mul'achaa dhufuu himu. Erga miidhaan qaqqabeen booda naannicha tasgabbeessuuf yaaliin taasifamaa jiraachu Bulchaan Godina Matakkal kun himaniiru. Jiraataan Maanduraa ganda Gannata Maariyaamii maqaan isaanii akka hin dhahamne gaafatan tokko ammoo sababiin walitti bu'insichaa haleellaa namoota hin beekamneen waardiyaa gandaa irratti raawwatame ta'u dubbatu. Jiraataan kun akka jedhaniitti, namoonni waardiyyicha irratti miidhaa qaqqabsiisan beekamu baatan illeen, kana sababa taasifachuun meeshaa wayita sirbaafi jigiiafuufamu Turaa jedhamu afuufamee jiraattonni Gumuz kallattii hundaan jiraatan akka walitti qabaman taasifameera jedha.
Jiraataan kun akka jedhaniitti, namoonni waardiyyicha irratti miidhaa qaqqabsiisan beekamu baatan illeen, kana sababa taasifachuun meeshaa wayita sirbaafi jigiiafuufamu Turaa jedhamu afuufamee jiraattonni Gumuz kallattii hundaan jiraatan akka walitti qabaman taasifameera jedha. Isaan boodas namoota lafa qonnaa hojiirra turan irra miidhaan qaqqabuusaa fi magaalaa seenuunis mana gubuusaanii dubbateera. ''Hanga ammaattis reeffii hin kaafamiin jira. Namoonni baayyeen lubbusaanii dhabaniiru'' jechuun ibsa. Kaleessa erga raayyaan ittisa biyyaa seeneen booda hanga tokko kan tasgabaa'e ta'ulleen, har'as yaaddoofi sodaan walfakkaatu jiraachu ibsu.
'Tigraayitti dhiyeessiin deeggarsa nyaataafi qorichaa akka adda hin cinne hojjechaa jirra' - Mootummaa Tigraayiitti dhiyeessiin gargaarsa nyaataafi qorichaa akka adda hin cinneef hojjatamaa jiraachuu Mootummaan Itoophiyaa beeksise. Waajjirri Ministira Mummee ibsa guyyaa Kamisaa haala deeggarsa namoomaa naannoo Tigraayi irratti baaseen, mootummaan waayillan misoomaa waliin ta'uun dhiyeessiin nyaataafi qorichaa akka adda hin cinne taasisuuf boqonnaa malee hojjataa jira jedhe. Akkasumas ''mootummaan michuuwwan deeggarsa namoomaa waliin ta'uun oppireeshiniin deeggarsa namoomaa akka adda hin cinneefi hawaasa miidhame hunda deeggarsi akka qaqqabu gochuu itti fufas,'' jedhe. ''Dhukaasa dhaabuu namoomaa gam-tokkoo mootummaan Itoophiyaa naannoo Tigraayitti, qonnaan bulaan hojiisaa waqtii qonnaa akka raawwatuufi deeggarsa namoomaaf haalli akka mijatuuf jecha labse hordofuun, yaaliin 'harcaatoota' TPLFn deeggarsi namoomaa haalaan barbaadan akka hin qaqqabne gochuu hubatameera,'' jedha ibsichi. Labsii dhukaasa dhaabuu namoomaa Waxabajjii 29, 2021 fi Humni Raayyaa Ittisa Biyyaa Maqaleefi magaaloota naannichaa biraatiin bahuutiin dura, Koreen Qindeeessituu Balaa Tasaa Biyyaaleessaa, baatiiwwan duraatiif marsaa sadiin qamadii kuntaala 400,000 ol man-kuusaa keessa kaa'uufi zayitii nyaataa leetira miliyoona 2.5 dhiyeessuu yaadateera. Dabalataanis ''osoo humni raayyaa ittisa biyyaa naannichaa hin bahiin dura boba'aan leetira miliyoona 14 kuusaa boba'aa naannichaa keessatti lammiileen akka itti fayydamaniif dhiifamee ture,'' jedha ibsichi. Deeggartoonii fi dhaabbileen gargaarsaa idil-addunyaa deegarsa barbaachisu akka dhiyeessaniif haalli namoomaa hin daangeefamne kennun ni beekama jedheera.
Deeggartoonii fi dhaabbileen gargaarsaa idil-addunyaa deegarsa barbaachisu akka dhiyeessaniif haalli namoomaa hin daangeefamne kennun ni beekama jedheera. Haata'u malee dhaabbilee deeggarsa namoomaa naannichatti dhiyeessan naannichatti bakkeewwan muraasaan ala akka hin deemneef danqamaa jirra jechuun irra deddebiin komii dhiyeessaa turunsaanii ni yaadatama. Ammas mootummaan Itoophiyaa haala nageenya biyyaaleessaa balaarra hin buufneen ummatasaa Tigraay keessaatiif deeggarsi bu'uuraa haala nagaatiin akka dhiyaatuuf ejjannoo walfakkaataa qaba jedheera. Balaliinsi namoomaa guutuun haalduree Finfinnee ka'uufi deebi'ee Finfinnee qubachuutiin, eeyyamni balaliinsa guutuun gara naannoo Tigraayiitti mijeeffameeras jedha ibsichi. Haal-dureen karaa Finfinneetiin darbuu kunis kan itti gaafatamummaa Motummaan Heera eegsiisuuf nageenya biyyaa kabachiisuun qabuutiin jedheera. Torbanoota darban keessa balaliiwwan Sagantaa Nyaataa Addunyaa (WFP) lama gara naannichaatti taasifamaniiru. Mootummaan konkolaatawwan deeggarsaa karaa naannoo Affaariin mijeessaa jiraachuu fi harkifannaa hambisuufis sakatta'iinsa nageenyaa konkolaattotaa ariitiin taasisaa jira jedhe. Haleellaa TPLFn konkolaataa deeggarsaa irratti Adooleessa 18, 2021 daandii Samaraa-Abaalaa irratti mudate irra deebiin kan mormu ta'uu kaase ibsichi. Waraana torban kana humnootii TPLF fi humna raayaa Ittisa Itoophiyaa jidduutti naannoo Affaaritti gaggeeffameen namoonni kuma hedduun lakkaa'aman bakka jireenyaa irra buqqa'uusaanii qondaaltoonni naannichaa BBCtti himaniiru. Itti dabaluunis ''TPLF ijoollee loltummaaf fayyadamuufi siviloota hidhachiisuun, Humna Raayyaa Ittisa Biyyaa gara lolaatti galchuuf tuttuqqaa itti fufee jiruuf hawaasa idil-addunyaatiin cimsamee balaaleeffamuu qabaata,'' jedhan.
US fi UN: Itoophiyaatti ajjeechaa hojjettoota deeggarsa namoomaarratti raawwatu balaaleeffatan Dhaabbanni Biyyoota Gamtoomanii (UN) fi Ameerikaan bakkeewwan Itoophiyaa garaagaraa keessumaa Tigraayitti ajjeechaa hojjeettoota deeggarsa namoomaarratti raawwatu balaaleeffatan. Guyyaa kaleessaa, Kamisa, dhaabbileen lamaan ibsa baasaniin hojjeettoota deeggarsa namoomaaf eegumsi akka taasifamu gaafataniiru. Dhaabbanni Biyyoota Gamtoomanii gama waajjira isaa Itoophiyaa jiruun ibsa baasen baatiiwwan jaha darbanitti hojjettoonni deggarsa namoomaa sagal ajjeefamuu hime. Ajjeechaan kuni Naannoo Tigraayiifi Benishaangul Gumuuzitti raawwate jechuun ibsan. Itoophiyaatti qindeessituun deeggarsa namoomaa dhaabbatichaa Dr Kaatiriin Sozi ibsa baasaniin ajjeechaa raawwate balaaleeffataniiru. Maatii hojjettoota deeggarsa namoomaatti ergaa isin haa jajjabeessu kan ergan qondaalli kuni akkaataa seera idil addunyaas ta'e biyyaa keessa jirutti hojjettoota deeggarsa namoomaaf eegumsi taasifamuu qaba jechuun dhaamaniiru. Ajjeechaan raawwatan qaamolee walabaan akka qoratamaniifi kanneen ajjeechaa keessa qooda fudhatan akka seeratti dhihaatan mootummaa Itoophiyaa gaafataniiru. Akka lammata hin mudanneefis mootummaan akka hojjetu gaafatan. Mootummaan Itoophiyaa nageenya siiviilotaa, hawaasa gargaarsa namoomaa dabalatee eeguu irratti itti gaafatamummaa guddaa qaba, jedheera Imbaasiin Finfinnee jiru ibsa baasen. Sanarra darbeemmoo, qaamoleen hidhatan hunduu itti gaafatamummaa seerota namoomaa idil-addunyaa eeguu qabu jedhame. Qaamoleen hidhatan hundinuu namoota gargaarsi barbaachisu hunda bira ga’amee hojiin akka dalagamuuf tumsa danqaarraa bilisa ta’e, walitti fufaa ta’e gochuurra darbee, hojjettoota arjoomaaf sosochii nagaa qabu mirkaneessu qabu jedheera ibsi mootummaa US. Sadaasa 2020 irraa kaasee, hojjettoonni gargaarsa namoomaa torba Naannoo Tigraayi keessatti qofa kan ajjeefaman yoo ta’u, namni dabalataa tokkos kutaa biyyattii biraa keessatti du’eera, akka ibsa kanaatti.
Sadaasa 2020 irraa kaasee, hojjettoonni gargaarsa namoomaa torba Naannoo Tigraayi keessatti qofa kan ajjeefaman yoo ta’u, namni dabalataa tokkos kutaa biyyattii biraa keessatti du’eera, akka ibsa kanaatti. Hundisaanii kan ajjeefaman namoota gargaarsa fedhaniif hojii lubbuu baraaruu wayita raawwachaa turanittidha. Ajjeechaa hojjettoota gargaarsa namoomaa cimsinee balaaleffannas jedheera ibsi kun. Dhaabbachuu qaba, warri kana raawwatanis haqaaf dhiyaachuu qabu jedhe. Taatee dhiyeenya kana raawwateen, hojjetaan dhaabbata USAID, Tigraayi naannoo Qollaa Tambeenitti gaafa Eebla 28, 2021 loltoota Eertiraafi Itoophiyaatiin ajjeefamuutu himama, jedha dabaluudhaan ibsi kun. Akka namoonni iaan argan himanitti, namni kun hojjetaa gargaarsa namoomaa ta'uusaa ifatti himachuun lubbuusaa akka maaraniif kadhatus, loltootaan ajjeefameera, Embasiin US ibsasaatiin akka jedhutti. Haalli taateen kun itti mudates kan mul’isu, nageenya hojjettoota gargaarsa namoomaaf haalaafi naannoon mijataan jiraachuu dhabuufi Itoophiyaa keessatti bilisaan sochoo’anii hojjechuuf haalli jiru guyyaa guyyaan daran badaa dhufuu isaati jechuun hima. Akkasumas rakkoon dhiittaa mirga namoomaa hammaachaa dhufuu isaa mul’isa, jedheera embasichi. ‘‘Gumaacha hojjettoota namoomaa hunda, akkasumas warreen lubbuu oolchuuf dirree waraanaa fuuldura hiriiranii jiraniifi warreen namoota gargaarsa fedhaniif deeggarsa gochaa haala nama gaddisiisuun lubbuu isaanii gabbaran hundaaf kabaja guddaa qabna’’. Maatii, warreen isaan jaalataniifi miiltoowwan isaaniif jajjabina hawwinas jedheera ibsichi. Mootummaan Itoophiyaas dhimma kana atattamaan qorachuun, ajjeechaa hojjettoota kanaafi siiviilota irratti raawwatu akka balaaleffatuufi warreen kana raawwatan seeratti dhiyeessuuf tarkaanfii ifa ta’e akka fudhatu gaafanna, jechuun ibsichi xumurame.
Mirgoonni suuraalee hund ken eegameedha.
Barakat Salomun: Dargaggoo lammii Ertiraa Ingilaand keessatti waraanamuun ajjeefame Baraket Salomun jedhama. Erga irra deddebbiin waraanameen booda du'ee reeffii isaa UK bakka Wuudlaand jedhamutti aragamu poolisiin beeksise. Reeffi Barakat guyyaa Kamisaa akka sa'aatii biyyaatti sa'aatii 07:30 irratti, Daandii Biritiin irraa maqee, Stevenage keessatti argamu poolisiin Hertfordsheer kan hime. Barakat dargaggoon umuriin waggaa 20 kunis Eritraa irraa gara Ingilaand erga dhaqeen booda koolugaltuummaan kennamuufii himeera poolisiin. Dubbi himaan poolisii akka jedheetti, miseensoonni poolisii waan ''haleellaa gara jabiinaa kana'' duba jiru hubachuuf yaalii taasisaa jiru. Maatiin dargaggoo ajjeeffamee kanaas dhimmichi akka dhagan kan taasifame yoo ta'u, qondaaltootaan deeggarsi taasifamaafii jiraachun himame. Akkasumas maatiinsaa Ertiraatti hafanis waa'ee ajjeechaa isaa kana akka dhagan taasifamus poolisiin dubbateera. Qorataan yakkaa Maakforsan akka jedhaniitti, ''Haleellaan sukkaneessaan kun akka dargaggoo kanarratti raawwatamuuf maal akka duuba jiru ammalleen hubachu hin dandeenye. ''Haata'u malee, deebiin isaa hawaasuma dargaggoota Ertiraanoota kan Barakat qaamasaanii ture keessaa akka ta'un yaada.'' Qorataa Giraamee Walisinghaam gama isaatiin yakkii meeshaa qara qabuu kunis ''Stevenage keessatti baayyee cimfamee'' ilaalamaa akka ture himan. ''Qondaaltoonni ollaa Nagaa kootiis albee baachuu dabalatee dhimma nageenyaa dhunfaa irratti mari'achuuf mana barnootaa sadarkaa tokkooffaa dowwataa jiru. Nutis walitti fufiinsaan da'iman balaarratti argaman akka yakka albeen wal waraanu keessatti hin hirmaanneef gargaaruuf Manneen barnootaafi Garee Yakkaa fi Mana maree Stevenage Borought waliin hojjataa jiru.'' ''Hawaasa naannichaa nu gargaaruu itti fufanii baayyee galateeffadha'' jedheera qondaalli kun.
''Hawaasa naannichaa nu gargaaruu itti fufanii baayyee galateeffadha'' jedheera qondaalli kun.
Manni murtii UK imala gara Ruwaandaa godaantota jalqabaa hayyame Manni Murtii olaanaa UK Kibxata dhuftu godaantota biyyattiirraa gara Ruwaandaatti xiyyaaraan dabarsuuf karooraa qabameef hayyama kenne. Kanneen mirga godaantotaaf falman manni murtii adeemsa kana akka dhaabsisu duulaniis hin milkoofne. Dhimmichi garuu ammas oliyyaannoon mana murtii olaanaatti Wiixata dhuftu ilaalamuufi. Imaammata haaraa UK falmisiisaa ta'ee ragga'een godaantotni karaa seeraan alaa UK galan Ruwaandaatti geeffamaniit achii koolugaltummaaf iyyatu. Balalii Kibxata dhufuu kanaan namootni 31 imala isa jalqabaati jedhame keessa akka jiran itti himameera. Abbaan seeraa Jastiis Iswiift yaada ministirri dhimma biyya keessaa Priti Patel 'fedhii uummataa' jechuun imaammatni raawwachuuf dhiyeessan fudhatama kan qabu fudhatama qaba jedhan. Paatel murtee abbaa seeraa jajanii mootummaan karoora isaa raawwachuu akka itti fufu yeroo himan, Ministirri Muummee Booris Joonsen ammoo murtee kanaan ''oduu gaarii'' jedhaniiru. Haata'u malee kanneen murtee kana jijjiirsisuuf duulaa himata bananii turan nageenya ''godaantota humnaan deebifamaniin'' yaaddahuu fi oliyyannoo akka galfatan ibsaniiru. Mootummaan UK karoorri kun godaantotni karaa Ingilish Chaanaal jedhamuun daangaa galaanaa ce'anii itti galuurraa hanqisa jedhee amana. Ammaan duras godaantotni dachii ishee galan Ruwaandaa taa'anii dhimma isaanii akka hordofan gochuufi. Bara kana qofa godaantotni 10,000 ta'an imala galaanaa hamaa ta'een gara UK galaniiru. Dhimmi godaantota UK irraa Ruwaandaatti geeffamanii kan ilaalamu Ruwaandaadhaan yeroo ta'u, fudhatama argatee yoo jedhemmoo achuma Ruwaandaa hanga waggaa shaniitti barnootaafi deeggarsa biroo argachaa turu. Warri iyyatni isaanii fudhatama hin arganne hiree lammattaa sagantaa godaansa biraa akka iyyatan ta'us biyya irraa dhufanitti deebifamuuf carraa bal'aatu jira.
Warri iyyatni isaanii fudhatama hin arganne hiree lammattaa sagantaa godaansa biraa akka iyyatan ta'us biyya irraa dhufanitti deebifamuuf carraa bal'aatu jira. Komishiniin Godaansaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii tarkaanfii mootummaa UK godaantota Ruwaandaatti dabarsuu kana seeraan ala jechuun fudhatama dhabsiiseera. Abbaan seeraa murtee kana dabarse godaantota kana Ruwaandaatti dabarsuun ''qabinsa hamaa ykn humnaan deebisuu'' ta'uu isaaf ragaan hin jiru mirga labsii Mirga Namoomaa UK jalatti labsames hin sarbu jedhe.
Allaattii 'wacuun' karaa dimokiraasiin murtee murteeffattu - Jaakdow beektuu? Simbirroon harrageessa fakkaattu Jaakdow jedhamtu yeroo kam iddoo bultuutii gurmuun akka baatu murteessuuf adeemsa ''dimokiraatawaa'' gargaaramti jedhan saayintistoonni. Waqtii bonaa keessa allaattiin Jaakdow kuma hedduutti lakkaa'amtu akka tasaa ganamaan samii weeraruun duumeessa gurraacha dafee adeemu fakkaatu uumti. Qorattoonni tibbana qorannoo gaggeessaniin allaattiin kun iddoo bultee yeroo bahuu barbaaddu akka wal waamtu bira gahan. Qorattonni akka jedhanitti yeroo wacnii isaanii sadarkaa olaanaarra gahe iddoo bulanii bahuuf qophii ta'uusaanii agarsiisa, akkasumas allaattiiwwan kun balalii eegalu. Pirofeesarri Yunvarsiitii 'Exeter' jedhamuu Aleksi Toornitoon bineeldonni yeroo gareedhaan murtee murteessan arguun heddu baratamaa miti jechuun BBCtti himan. ''Simibirroonni yeroo wacan sagalee kennaa jiru ykn iddoo bulanii bahuuf murteessuu agarsiisa'' jedhan Toornitoon. Murtoon waloo iddoo bulanii bahuu waa lamarratti hundaa'a. Allattiiwwan kunneen si'a tokkicha waliigalteerra erga qaqqabanii booda kanneen baayyinni isaanii kumaatamaan lakkaa'amu sekondiiwwan shan hin caalle keessatti mukarraa harca'u. Yoo iyyisaanii saffisaan dabalaa adeeme allaattiiwwan kun dafanii bahu jedhan qorattoonni. UK Noorz Foolk keessatti allaattiiwwan Jaakdow 40,000 gurmuun yeroo mukarraa ka'an mul'ataniiru. Allaattiwwan Jaakdow gurmuudhaan mukarraa ka'uun isaanii diina isaanii adamsu irraa eeguuf isaan gargaara ykn odeeffannoo waliif qooduuf isaan gargaara jedhan Pirofeesar Tornitoon. Amala simbirroota kanaa hordofuudhaaf jecha saayintistoonni sagalee-waraabduu Korniwool, iddoo allaattiwwaan jiran mukatti hidhanii waqtii bonaa lamaaf hordofaa turan.
Amala simbirroota kanaa hordofuudhaaf jecha saayintistoonni sagalee-waraabduu Korniwool, iddoo allaattiwwaan jiran mukatti hidhanii waqtii bonaa lamaaf hordofaa turan. Qorannoo kana barattoota digirii lammaffaa Aleeksi Dibniir jedhamtutu dursaa ture. Qorattoonni sagalee isaanii xiinxaluufi sagalee waca simbirroota kanaa waliin madaalaa turaniiru.
Yargen Kiloop hanaga bara 2026tti Liiverpuul turuuf waliigaltee haaraa mallatteesse Leenjisaan Liiverpuul Yargen Kiloop waliigaltee isaanii waggaa lamaan dheeressuun hanga bara 2026tti kilabicha leenjisuuf waliigaltee haaraa mallatteessan. Kiloop amma ganna 54 tahan, bara 2015 ture Liiverpuul leenjiuu kan jalqaban. Ji'a Bitootessaa keessa yeroo waliigalteen isaanii bara 2024 xumuramu kubba miilaa irraa takka boqonnaa fudhachuu akka barbaadan himanii ture. Haatahu malee, Liiverpuul leenjisichaafi garee isaa hundaa waliigaltee haaraa hanga bara 2026tti isaan tursiisu mallatteesisan. Liiverpuul bara kana waancaa afur injifachuuf morkii cimaa keessa jira. Kilooppi waliigaltichaan ''akkan gammadeera, eebbifameera, kabaja guddaadha,'' jedhan. Kiloop itti dabaluun: ''Yeroo abbootiin qabeenyaa waliigaltee keenya haaaressuuf naaf dhiyeessan, waanan ifatti itti yaadaa turen of gaafadhe. Amma ani aannisaafi humna kilabni dinqiiisaan akkasii waajjira leenjisaa irraa barbaadu ofiif kennuu danda'aa jedheen of gaafadhe. ''Dhugaa isaa deebisuuf yeroo dheeraa na hin gaafanne. Deebiinkoo salphaa ture... kilaba kana keessa turuu nan jaalladha, ittan gammada.'' Dubbiin Kiloop kunis faaruu tibbana deeggartootni kilabichaa isa deeggaruuf faarsaa turan fakkaata. Innis ''I Feel Fine[ miira gaariin qaba] jedhudha. Gargaartotni leenjisaa isaa Pep Layinndersii fi Piiter Kirawiiz akkasuma waliigaltich ammalleessaniiru. Pirojektii keenya waliin itti fufsiisuuf ''waan guddaadha'' jedhe Kilooppi. Kilooppi haati warraa isaanii Uulaan murtoo isaa kanaaf murteessituu akka turtes himan. Waliigaltee baay'ee murteessaa an jireenyakoo keessaatti Uulaa waliin mallatteesse,'' jedhan.
Waliigaltee baay'ee murteessaa an jireenyakoo keessaatti Uulaa waliin mallatteesse,'' jedhan. ''Deeskii mana nyaata bilcheessan [kitchen] irra teenyee: 'Bara 2024tti waan baanu tahee natti hin mul'atu.' Asitti waan hunduu jalqabe.'' Bakka kanaa waan baay'ee jaalannu jira. Osoo as hin dhufiin durayyuu beekan ture, garuu ergan dhufee isa duraa caalaa waan hundaa bareera. Akkuma hariiroo fayyaalessa kaanii daandii lamatu jira. Waliif waan qajeelaa tahuu qabda. Walii keenyaaf sirrii akka taanu kan nu godhe jalqabuma maaliif akkan bakka kana dhufedha, ammas kanumaafan waliigalteekoo dheeresse.'' Kilooppi kilabni isaanii ammayyuu humnaa fi aannisaa haaraa akka qabu himan. Itti fufinsaan kallattii sirrii irra jirra kan jedhan Kilooppi abbootiin qabeenyaa kilabichaas kutannoo waliin hojjechaa akka jiran himan. Kilooppi erga kilabicha leenjisuu eegaanii waancaa shan injifataniiru. Liiverpuul bara kana waancaa 'Carabao Cup' injifachuun Piriimer Liigii, Shaampiyoonsi Liigii fi FA Cup injifachuufis carraa guddaa qabu. Kilabni Ingiliz tokko illee bara dorgommii tokkotti waancaa afur injifatee hin beeku. Leenjisaan duraanii Boorushiyaa Doortimondi kun deeggartootni isaanii ''shakkuu irraa gara amanuutti'' fiduuf waadaa galaniiru.
Warri baqattoota Ruwaandaatti erguu morman furmaata fooyyaa'aa hin qaban- Ministira UK Ministirri Dhimma Biyya Keessaa Yunaayitid Kingidam Piriitii Paatel namoonni karoora mootummaan warra kolu-galtummaa gaafatan Ruwaandaatti erguuf dhiyeesse morman furmaata fooyyaa'aa ta'e dhiyeessuu hin dandeenye jechuun qeeqxe. Ministirri kun ministira dhimma alaa Ruwaandaa waliin barreeffama barruu Taayims irratti baasaniin gocha seeraan ala namoota daddabarsuu lubbuu namootaa balleessaa jiru dhaabuudhaaf furmaata haaraa fidne jette. Gidiraan sun akka itti fufu biyyi namummaan itti dhaga'amu kamiyyu hayyamuu hin qabu jedhan ministiroonni lamaan barreeffama baasan kanaan. Yaadni ministiroota kanneen kan dhga'ame Arkibiishooppiin Kaanterberii Jestiin Weelbii baqattoota gara Yugaandaatti erguu erga cimsanii qeeqnii boodadha. Paatelii fi ministirri Dhimma Alaa Ruwaandaa Vinsent Biruutaa sababiiwwan rakkoo namoomaafi namoota seeraan ala daddarbarsuutiin sirni baqattoota fudhachuu addunyaa dadhabeera jedhan. Namoota karaa seeraan alaa UK seenuun kolu-galtummaa gaafatan gara Ruwaandaatti karoorri deebisuu nageenya baqqatootaa eeguudhaaf gargaara jedhan. Ministiroonni kunneen barreeffama isaanii kanaan Yunaayitid Kingidam baajata ka'umsaa Paawondii miliyoona 120 Ruwaandaatti invastimantiin pirojektii barnootaa rakkoo namoota sababa dinagdeetiin godaananii furuudhaaf gargaara jedhan. "Tarkaanfiiwwan ciccimoofi haaraa fudhanna. Dhaabbileen karoorawwan kianneen morman garuu furmaatadha kan jedhan dhiyeessuu dhabuun isaanii ajaa'ibsiisaadha. Gidiraan kun akka itti fudu hayyamuun biyya namoomaaf yaadu kamiifiyyu filannoo ta'uun isaa amma dhumateera," jechuun barreessa. Biyyoonni lamaan bu'uura waliigaltee irra gahaniin, baqattoonni Ruwaandaatti argaman tokko tokko gara UK'tti akka ergamanis beekameera.
Maddi mootummaa Yunaayitid Kingodam BBC'f akka ibsetti, "carraaqqii Ruwaandaan baqqattoota baayyee saaxilamoo ta'an muraasa dandamachiisuuf taasiftu UK'n deeggarsa ni taasifti". Ayaana Faasikaa Dilbata kabajame irratti Arkibiishoppiin Kaanterberii karooricha qeequudhaan mootummaan, "itti-gaafatamummaa keenya kontoraataan" qaama biraatiif kenneera jechuun kan qeeqan yoo ta'u, murteen kun hayyama Waaqayyoo kan faallessudha jechuun qeeqaniiru. Yaada Arkibiishooppii Yoork Isxifaanos Kootifel waliin kan walfakkaatu Arkibiishooppi Welbiin, imaammatichi yaaddessaadha jechuun kanarra kan foyyaa'u gochuu ni dandeenya jedhe. Paartiin mormituufi miseensonni paarlaamaa leellistummaan beekaman tokko tokko karooricha qeeqaniiru. Gama biraan ammoo dhaabbileen tola-ooltummaa 160 ol ta'aniifi gareewwan miidyaa hawaasummaa irratti duula gaggeessan"gara jabina nama qaanessudha" jechuun ministirri muummeefi Paatel karooricha akka haqaniif akeekkachiisaniiru. Dhimmoota qeeqxonni nu yaaddessa jedhan keessaa qabiinsa mirgoota namoomaa tokko yoo ta'u, UK UKn bara darbe dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniirratti biyyattii keessa jiran kan jette murtii malee ajjeesuu, namoonni dhabamuufi hiraarfamuu kaasuu ishee himu. Ta'us Paatelii fi Biruutaan qeeqa kana hin fudhatan. Barreeffama isaanii barruu Taayimsirratti baasaniin "Ruwaandaan biyyoota addunyaarratti nageenyi isaanii eegaman keessaa ishee tokkodha," kan jedhan yoo ta'u, kanaan duras baqatoota kuma 130 ta'an biyyoota baayyeerraa dhufan simatteetti jedhan. Ministirri dhimma biyya keessaa UK fi ministirri dhimma alaa Ruwaandaa karoorri kun baqattoonni imalawwan balaa hamaa qaban taasisuudhaan lubbuun isaanii balaarra akka hin buuneef isaan taasisaa jira jedhamus xalayaan aanga'oonni olaanoo ministeera dhimma biyya keessaa ergan garuu bu'a qabeessummaan karoorichaa baayyee shakkisiisaadha.
Ministirri dhimma biyya keessaa UK fi ministirri dhimma alaa Ruwaandaa karoorri kun baqattoonni imalawwan balaa hamaa qaban taasisuudhaan lubbuun isaanii balaarra akka hin buuneef isaan taasisaa jira jedhamus xalayaan aanga'oonni olaanoo ministeera dhimma biyya keessaa ergan garuu bu'a qabeessummaan karoorichaa baayyee shakkisiisaadha. Barreessaan dhaabbataa Maatiiw Raayikroofit xalayaa isaatiin imaammatichi baasii guddaa akka baasisu eeree jira.
Maanguddoo waggaa 80 ammallee baabuura irra hojjatan Ofii isin bara umuriin keessaa waggaa 80 guutuutti eessatti of arguu barbaadduu? Qee'e teessanii dhaloota haaraa gosuu, gara dhaabbilee amantaa deemuun kadhannaa taasisuun dabarsuu ykn akka dargaggootaatti utaalaa hojii keessan hojjachu? Maanguddoon waggaa 80 Aab Siigii Kiraagweel garuu ammallee hojii waggoota darban 60f hojjataa turan, baabura irra hojjatu. Dhaloonni isaanii biyya odoola Baarbaadoos kan kibba baha galaana Kaaribiyaatti argamudha. Aab Siigiin bara 1962 keessa ture Ingilizitti baabura keessa hojjachuun kan eegalan. Mudannoo isaanii wayita himanittis, ''Namoonni tokko tokko maraatuu ta'uu qabda naan jedhu. Ani garuu, 'Lakkii maraatuu miti. Ani baayyee gamadaadhan jedhaan,'' jedhan koolfatii waan namoota isaan irratti odeeffamu yoo yaadatan. Aab Siigeen akka Awurooppaa bara 1962 keessa dargaggeessa ta'anii akkuma biyya isaanii irraa gara Inglizii galaniin ture hojii baabuura keessa hojjachuu kan eegalan. Hojii kanaanis badhaasawwan Lifetime Achievement Award jedhaman lama badhaafamaniiru. ''Namoonni hundi waa'ee kee maal akka yaadan gonkumaa yaaduu hin qabdu. Yoo kan waan namoonni waa'ee kee jedhan yaadda ta'e, 'maaloo hirriyoonni kiyya muraasni attamiin akka ani hojii koo hojjadhu yaaduu' jechuu eegalta.'' Kanaafuu ''Ati waanuma akka umamaatiin keessoo kee jiru hojjadhu. Yeros wanti hunduu salphaadha'' jedhan maanguddoon kun. Aab Siigeen guyyaa hunda alkan keessaa sa'aatii 10 irratti irriibaa ka'u. ''Baabuurra keessa hojjachuu nan jaaladha. Namootaa gaarii baayyeetuu baabuura keessa jira,'' yoo jaalalaafi kabaja hojiisaanii kan bara jireenyaa dubbatan. Dhimmi Aab Siigii hunda caalaa nama ajaa'ibu ammoo soorama bahuuf karoora qabaachuu dhisuu isaaniti.
Dhimmi Aab Siigii hunda caalaa nama ajaa'ibu ammoo soorama bahuuf karoora qabaachuu dhisuu isaaniti. Hanga dhumaatti hojjachuuf fedhii akka qaban dubbatu. Hojichi kan bara jireenyaa isaanii ta'u kan dubbatan maanguddoon kun, ''Tarii kun dogongora ta'uu ykn akka haasaa gowwaatti yaaduu malee, garuu ani kan yaadu akkanatti jechuu,'' jala muruun akka dhumaatti hojjachuu akka barbaadan himan.
Biyyoota harka-qalleeyyii hir'inni nyaataafi furddinni akka malee miidhaa jira Biyyoonni harka-qaleeyyii ta'an rakkoo hir'ina nyaataafi furdina akka mlateetiin rakkaachaa jiraachuu qorannoo bahe tokko agarsiiseera. Akka qorannoon 'The Lancet' jedhamu agarsiisetti rakkinni kun nyaataaf dhugaatii qopha'aaanii gabaarratti gurguraman (ultra-processed foods,) kanneen akka chokkoleetii, karmeellaafi mi'eessituun nam-tochee itti dabalamanii gurguraman soorachuufi sochii qaamaa dalaguu dhiisuutu rakkoo kana fide. Barrreessaan dhimma kanas, "sirni soorata addunyaa ammayyaa' rakkoo kanaa sababa ta'e jijjiramuu qaba jedhe. Rakkoon garmalee gabbachuuf huuqqachuu kun biyyoota gammoojjii Sahaaraan gadi jiraniif Eeshiyaa baayinaan miidha. Gabaasichi akka jedhutti ,addunyaarratti daa'immanif ga'eeyyiin biln 2.3tti dhiyaatan ulfaatiina garmaleen qabu. Daa'imman mil 150 guutan immoo guddinni isaanii quucaruuti ibsame. Biyyoonni galii gadaanaaf giddugaleessaa qaban yeroo walfakkaataatti rakkina kanaaf saaxilamuu akkasiin 'double burden of malnutrition' jedhaniin. Ba'aa dachaa soorata gahaa dhhabuun dhufu akka jechuuti. Kana jechuun uummata biyyooni kun qaba keessaa harki 20 ulfaatina garmaleen rakkatu, daa'imman harki 30 umriin isaaani afurii gadii sirnaan hin guddatan, Dubartoonni harki 20 qaqal'oodha. Maatiin,namni dhuunfaaf hawaasni soorata hin madalamne dhabuun jiruu isaa keessatti hubamu danda'a jedha gabaasichi. Akka gabaasni kun ibsutti, biyyoota 123 keessaa 45 bara 1990 keessa rakkoo kanaan hubaman. biyyoota 126 keessaa 48 immoo bara 2010 keessa dhiibba kana jala seenuu ibsa. bara 2010 booda biyyooni guddataa jira 14 rakkina garlmee kanaaf saaxilaman.
bara 2010 booda biyyooni guddataa jira 14 rakkina garlmee kanaaf saaxilaman. Dhaabbanni biyyoota Gamtoomanii, biyyoonnifi beektonni haalli sooraa akka jijjiramu hubachisuu qabu jedha gabaasichi. Daa'immaan guddinnisaanii quucaruun soorata qabiyyee barbaachisoo hin qabne soorachuutti hidhata qabachuu gabaasni kun ni mul'ata. Dhaabbata Fayyaa Addunyaatti Daarektarri sooranni fayyaaf guddinaa kan ta'an Dr. Firaansiskoo Biraankaa biyyoota galii xiqqaa ykn guddaa qaban jennee rakkoo furdina garmalee addaa hiruu hin dandeenyu jedhu. Sirni soorata hin madaalamne namoonni fayya buleeyi akka hin taane fi soorata ittifufinsaa argachuurratti danqaa ta'uu himan. Kanaafissirna sooratarratti jijjiramni akka barbaachisu kaasan.
Qeerramsi namoota sagal nyaate ajjeefame Indiyaa keessatti qeerramsi yoo xinnaate namoota sagal nyaachuun ajjeessee pooliisiin itti dhokaafamuun ajjeeffame. Indiyaa bulchiinsa Chaampaaraan keessatti qeerramsa ''nama nyaataa ta'e'' qondaaltoonni poolisiifi aanga'oonni aanichaa 200 ta'an erga bobba'anii adamsanin booda ajjeeffame. Qondaaltoonni muraasinis adamsa qeerramsa kanaatiif harbaan naannawaa turan jedhame. Qeerramsi kormaa karaa naannawa Eegumsa Qeerramsa Vaalmikiitti hawaasaa dararaa ture. Indiyaan qeerramsoota daggalaa addunyaa harka 70 ta'aniif manadha. Bakki kununsa qeerramsa Indiyaa bakka bineensoonni jiraachuu danda'aniifi kan eegamuudha. Haata'u malee, bakkichi haala baay'ina lakkoofsa qeerransaatiin hin bal'ifamne. Sababii kanaan kan walqabate bineensi kun bakka jireenyaasaa keessaa bahuun waan nyaatu barbaacha looniifi yeroo tokko tokkos namoota gara ajeessuutti ce'e. Opareeshiniin ajjeechaa qeerransa waggaa sadii kan maqaa T-104 jedhamuun beekamu kanaas ollaa Sitaltola Baluwa kan shunkuragadaatiin marfamte keessatti gaggeeffames poolisii Bihaariitiin durfamee ture. Kumaar Guptaa, naannichatti dursaan eegumsa bineensoota daggalaa, Times of India'tti akka himaniitti, ''qeerramsichi jireenya namaatiif akka balaatti kan adda baafamedha.'' Daareektarri Eegumsa Qeerransa Vaalmik, Nesananii K, adamoon qeerramsa maqaa T-104 jedhamu battaluma haleellaa inni raaawwatee haatiifi daa'imti ishee ajjeeffamuu akkuma dhagahameen Sambata eegale. ''Guutuu ollaatiin alkan irriiba malee ture'' jedhan Paaltu Maahato miidiyaa biyya keessatti yoo himan. Yaaliin bineensicha adamsuuf taasifames milkaa'ee, garichaan marfamu danda'e jedhan Aab Guptaan haala itti ajjeefame yoo dubbatan.
Yaaliin bineensicha adamsuuf taasifames milkaa'ee, garichaan marfamu danda'e jedhan Aab Guptaan haala itti ajjeefame yoo dubbatan. Gareewwan harbaan ilamaa turanis gara bosoonaatti imaluun kaan isaanii ammoo karaa qeerransichi ittiin bahu danda'a jedhamee dhaabachuu eegaa turan jedhe. Haala akkasitiin qeerransichi guyyaa Smbataa akka sa'aatii biyyaatti naannawa 15:15tti itti dhokaafamu ajjeeffame. Eegdoonni bineensoota Bihari ajjeechaan namootaa kunis qeerransa gara biraatiin raawwatamu ilaalchise odeeffannoo omtu hin jiru jedhan. Akka odeeffannoo mootummaa bara 2019tti maxxanfameetti, waggaa waggaatti namoonni 40-50 ta'an qeerransootaan ni ajjeeffamu.
Malaalaan mana barumsaa Indiyaatti hijaaba uffachuu dhorkamuu balaaleffatte Badhaasa Noobelii Nagaa kan injifatte Maalaalaa Yuusuufzaayi barattoota Indiyaa hijaaba uffattanii daree galuun mirga keenya jedhanii falman akka deeggartu himte. Barattootni kunneen kutaa Karnatakaa jedhamu keessatti torbanootaaf falmiitti kan jiran yoo tahu, hijaabaaf jecha kolleejjii irraa dhorkamuun isaanii ''waan nama naasisu'' jette Malaalaan. Wal dhabdeen uumame kun kutaa bulchiinsichaa keessatti babal'achuun walitti bu'insa amantaa akka uumee jiru gabaafameera. Kanarraa kan ka'e manneen barnootaa guyyoota sadiif cufamaniiru. Wal dhabdeen kun akka biyyaalessaatti dubbii jabduu tahuun amma mana murtii ol aanaa naannichaas gaheera. Barattoota daree barnootaa irraa dhorkaman keessaa tokko iyyata barreessuun mana murtiitti kan geessite yoo tahu, hijaaba uffachuun mirga bu'uuraa amantaa heeraa biyyattiin kenname jette. Maalaalaan yeroo umuriin ishee waggaa 15 ture Paakistaan keessatti dubartootni barachuuf mirga qabu jechuun dubbattee haleellaan irra gahuun lubbuun oolte. Maalaalaan Kibxata kaleessaa, ''qoollifannaa dubartoota Musiliimaa'' irra gahu akka dhaabsisaniif hoggantoota ol aanoo Indiyaaf waamicha gooteetti. ''Dubartootni hijaaba uffatanii mana barumsaa akka hin galle dhorkuun waan nama rifachiisu,'' jechuun fuula Tiwiiterii ishee irratti barressite Maalaalaan. Ijoolleen shamarranii kunneen erga bulchiinsa kolleejjii mootummaan hijaaba uffattanii daree hin galtan jechuun barumsa irraa dhorkamanii mormii gaggeessuu jalqaban. Dhimmi kun gara kolleejjota Karnatakaa kaaniitti babal'ateera. Viidiyoon torban darbe bahe galmi kolleejjotaa cufamanii akka jiran agarsiisa. Dubartootni hijaaba uffatan ammoo yeroo mormii gaggeessan mul'ataniiru. Warri amantaa Hinduu leellisan ammoo dhorkaa kolleejjotni dabarsan deeggaruun mormiif bahaniiru.
Warri amantaa Hinduu leellisan ammoo dhorkaa kolleejjotni dabarsan deeggaruun mormiif bahaniiru. Walitti bu'insi garee lameen gidduu irraa ka'uun namootni baay'een madaa'uu miidiyaaleen naannichaa himaniiru. Ministeerri naannichaa Basavaraj Boomayi, manneen barnootaa guyyoota sadiif cufan. ''Barattootni hundi, barsiisonni, fi bulchiinsi kolleejjotaa fi manneen barnootaa hundi akkasumas uummanni Karntakaa nagaa akka buusaniif'' gaafataniiru.
Indiyaatti bakakkaan namoota suuraa ofee ka’aa turan 16 ajjeese Guyyaa Dilbataa Indiyaa magaalaa Jayipuuritti bakakkaan yoo xiqqaate namoota 16 ajjeesee hedduu miidheera. Namootni kunneen bakka daawwanaa beekamaa 12th Century Amer Fort jedhamutti gamoo ol dheeraatti ol ba’uun rooba keessa suuraa ofee (selfie) ka’aa turan. Yeroo balaan kun uumame namootni 27 ta’an gamoo kana gubbaa fi keessa turan - yeroo kanatti namootni tokko tokko gamoo kanarraa utaalaniiru jedhameera. Indiyaa keessatti bara 2004 as giddugaleessaan bakakkaan namoota 2,000 ta’an ajjeeseera. Qondaalli poolisii olaanaa akka miidiyaatti himetti bakka daawwannaa kanatti gamoon kun bakka isa beekamaa ta’edha jechuun namoota du’an keessaa hedduun isaani dargaggoota jedheera. Akka gabaasa miidiyaalee biyyattiitti bulchiinsa Rajastaan keessatti Sanbata balaa bakakkaatiin namootni sagal biroon du’aniiru. Ministeerri olaanaa bulchiinsichaa, Ashook Gehloot, maatiilee namoota balaa kanaan du’aniif beenyaan ruupii 500,000 (doolara 6,700) akka kaffalamuuf himaniiru. Indiyaa keessatti ji’i Waxabajjii hanga Fulbaanaatti waqtii roobni cimaan itti mul’atudha. Waajjirri Metirooloojii Indiyaa (IMD) akka jedhutti, biyyattii keessatti bara 1960mootaa as balaan bakakkaan lakkoofsi namoota du’anii dachaan dabaleera – kunis bu’aa jijjiramni qilleensa fidu keessaa tokko jedha. Ragaan kun bara 1990’n irraa eegalee balaan bakakkaa %30-%40tti dabaleera jedha. Bara 2018‘tti bulchiinsa Andiraa Piradeeshitti sa’aatii 13 qofa keessatti bakakkaan 36,749 galmaa’eera. Anga’ootni akka jedhanitti nannooleen hedduu mukaan sirritti waan hin haguugamneef namoota bakakkaan akka rukutamaniif ni saaxilu.
Anga’ootni akka jedhanitti nannooleen hedduu mukaan sirritti waan hin haguugamneef namoota bakakkaan akka rukutamaniif ni saaxilu.
Hamaaketi saddeet Afrikaa Kibbaarraa gara Indiyaa geeffamuuf Hamaakeeti saddeet – kormaa shaniifi dhaltuun sadii- bakka jireenyaa isaanii Afrikaa Kibbaa irraa km8,405 imaluun Sadaasa keessa gara Indiyaa geeffamuuf jiru. Bineensi addunyaarratti saffisaan tokkoffa ta’e kun erga gara jaarraa walakkaa dura biyyattii keessaa badee boda deebi’uufidha jedhameera. “Bineensa kana deebisuuf amma bakkaafi baasii isaa qabna,” jedha hogganaan Dhaabbata Bineensota Bosonaa Indiyaafi sochii kanarratti ogeessa kan ta’e Yadverdiradev Jahalaa. Addunyaa keessatti bineensi guddaa akkanaa kunuunsaaf yemmuu ardii tokkorraa gara biraatti geeffamu kun yeroo jalqabaadha jedha. Hamaaketa 7,000 addunyaa keessatti argamani keessa harki caalaan Afrikaa Kibbaa, Namiibiyaafi Bootsiwaanaa keessatti argamu. Bineensi kun Indiyaa keessatti lakkoofsi isaani kan hir’chuu eegale bara 1900 yoo ta’u, yeroo dhumaaf kan argamuun isaani gabaafame bara 1967-68 gidduuttidha. Bineensota kana deebisanii mana keennuuf bulchiinsa Madayaa Piraadesh fi Rajastaan keessatti bakki kunuunsa bineensota bosonaa lamaafi paarkiin biyyaalessaa tokko filatamuu Dr Jahaala himaniiru. Bara 1950 irraa eegalee Indiyaan bineensonni kun biyyattii keessa akka jirratan goochuuf yaalaa turteetti. Bara 1970 tti hamaaketa 300 Iraan keessa turan irraa muraasa Indiyaatti fiduuf yaalamuus, hogganaan Shaah aangoo irra kufee waligalteen gaggeeffamaa ture hafera. Bineensa bosonaa bakka tokkoorra gara biraatti geessuuf yeroo hunda sodaa balaa qaba. Garuu wanta hojjirra oolee hin beekne miti. Bara 2017tti hamaaketi bara 1980’n keessa biyyattii keessa badanii turan Maalawiitti geeffamaniiru. Amma lakkoofsi isaani 24 ga’eera. Oggeesoonni akka jedhanitti, gaarummaan isaa hamaaketi bineensa salphaatti nannoo haraatti baruu danda’an ta’uu isaaniti jedhu.
Oggeesoonni akka jedhanitti, gaarummaan isaa hamaaketi bineensa salphaatti nannoo haraatti baruu danda’an ta’uu isaaniti jedhu. Ta’us garuu ogeessoonni kunuunsa bineensota Indiyaa beekamuu yaada kana guutummaatti hin simanne. Hamaakeeti bakka jireenyaa bal’ina 5,000 fi 10,000 sq km gidduu qabu keessa jiraachuu qaba jedhu. Oggeessi kununsaa bineensotaa Indiyaa Dr K Ulhaas Karant akka jedhanitti, bakki jireenya amma bineensota kanaaf qophaa’an kunneen “nama, sareefi qeerransa” irraa bilisa ta’uu qabu, akkasumas bineensoti hamaaketi kunneen adamasuu danda’an ga’aan jiraachuu qabu. Bakki jireenya hamaaketaa durii sababa dhibbaa lafaan dhiphaachaa jira jedhu. “Karoorri bineensotaaf bakka jireenyaa haaraa kennuu hamaaketi lakkoofsi isaanii bosonaa keessatti akka dabalan taasisuf. Callisanii paarkii wayii keessatti isaan gatuun hin fayyadu. Kun hojii hin milkoofnedha,” jedhu. Ogeessooti bineensota bosonaa akka Dr Jahaala garuu hojii bineensota kana deebisuuf gaggeefamuun gammadoodha. “Bakka haara tokkotti geessuuf yoo xiqqaate bineensotni 20 ni barbaachisu,” jedha. “Waggooti shanan dhufan keessatti hamaaketa 40 gara biyyattitti fiduuf yaadna.”
Daaktuu lubbuu namoota 100 bishaaniin nyaatamuurraa baraare Dargaggoon Indiyaa ganna 30 Shivaa jedhamu magaalaa Kibbaa Indiyaatti argamtutti lubbuu namoota hedduu bishaaniin nyaatamuurra baraare. Waggoota dheeeraaf reeffa namoota haroon Huseen Sagaa nyaatamanii baasaa ture. Haroon namtolcheen lubbuun namaa keessatti badu kun wirtuu magaalaa Kibba Indiyaa Haayidirabaad jedhamutti argama. Dargaggoon kun poolisii biyyattii gargaaree namoota bishaan nyaate kana waggoota hedduuf barbaaduun gargaaraa ture. Shivaan akkatti hojicha eegale wayita dubbatu, guyyaa tokko nama harichatti of darbachuu ka’e otoo bishaanitti of hin darbatiin yeroo jalqabaatiif baraaruu gabaasaa BBC Tulugu Balla Satishitti himera. Shivaan, maqaadhuma tokkoon of waama, umrii isaa ganna 10tti poolisota maallaqa daaktuuf kaffalanii reeffa nama bishaan keessaa baasisaniin kan wal bare. Poolisoonni biyyattii hedduun isaanii leenjii fi baajata gahaa hin waan hin arganneef, akkatti bishaan daakanii lubbuu namaa baraaranis hin beekani, akkasuma daaktuu qacaruuf baajata gahaas hin qaban. Kanaaf maallaqa nama biraaf kaffalaniitu reeffa bishaan keessaa baasisuurratti hundaa’u. Shivaan fedhisaatiin poolisoota gargaaruu wayita barbaade sanatti,‘’ati ijoolleedha’’jedhanii didanii turan. ‘’Ergan amansiise gara boodarra nan simataniiru‘’jedhe. Hojicha hojjatee maallaqa biyyattii ruuppii 40 ykn $0.54 kaffalameef, maallaqni kun isaaf yeroosanatti kaffaltii gaarii jedhee yaada ture. Shivaa waggaa 20 kana hojii kana hojjate, amma umriin isaa ganna 30 guutera.Shivaan ammas garuu poolisota naannoo gargaaru addaan hin kutne. Jiruun Shivaa haroo namtolchee Huseen Sagaa wirtuu magaalaatti argamurratti kan hundaa’edha. Haricha iddoo turistoonni hedduun daawwatanii fi feestivaalli warra Hinduu itti gaggeefamuudha.
Harrii kun iddoo daawwanna qofaas miti, namoonni hedduun of ajjeesuu dhaqaniidhas. Shivaan poolisota gargaare reeffa namoota hedduu bishaan keessaa baasera. Yeroo kaanis lageen biroo keessaas reeffa namaa baasuu poolisoota gargaaraa ture. Reeffa bishaan keessa baasuun olitti, otoo hin du’iin lubbuu nama hedduu bishaanitti namoonni kun Otoo of hin darbatiin baraara. ‘’Reeffa namootan baase hangam akka ta’an lakkoofsa isaanii dagadheera, lubbuu namoota 114 garuu du’a oolcheera’’jedhe BBCtti hime. Shivaan haadha warraasaa isaas akkatti bishaan daaktee, reeffa dubartoota baasuu dandeessuu leenjisaas jira. Qondaalli waajira poolisii naannoo haroo kanatti hojjatan tokko Shivaan‘’ hedduu nu deeggare’’jedhaniiru. Lubbuu namoota 100 olii baraaru isaallee ragaas bahaniifiru. Indiyaa keessatti of ajjeessuun akka yakkaatti ilaalama. Kanaafuu,namootni Shivaan baraare otoo inni poolisii itti waamiin dafanii achii fiiganii badu. Shivaan maatisaa hin beeku,warra hin qabu. Ijoolummaasaa harka caalu daandiirratti dabarse. Yeroo ta’e tokko wayii garuu, dubartii ijoollee ishee wajjin karaarra jiraaattu wajjin jiraachuu akka eegale yaadata. Maatii ofisaanifuu mana hin qabnetti dhiyaachuu erga jalqabe booda, ilma dubartii mana hin qabne kanaatu bishaan daakuu na barsiisee jedhe Shivaan-Ogummaan kun jiruusaa akka jijjiruulle kaasun. Shivaan akka jedhutti, namoonni of ajeesuuf waantoonni ka’uumsa ta’an gargari-kaan dhiibba jaalalaa, waldhabbii maatii fi maallaqa fa’aan akka walqabatulle dubbateera. Kana malees, maanguddoonni ijoolleesaaniitiin wayita gataman of ajjeesuu yaalanillee jiruu jedhe. Dhiyeenya kana immoo namni koronaavaayirasiin qabamuun hin oolle jedhee sodaate tokko haroo kanatti of darbeera jedhe. Anis,hiriyaan nama bishaanitti of darbe kanaas baraaruuf bishaanitti utaallee ture, garuu ani lubbuu hiriyaasaatii qofaan baraare jedhe Shivaan.
Anis,hiriyaan nama bishaanitti of darbe kanaas baraaruuf bishaanitti utaallee ture, garuu ani lubbuu hiriyaasaatii qofaan baraare jedhe Shivaan. Reeffa namtichi bishaanitti jalqaba utaalee maatiin isaallee koronaan qabamna jedhanii sodaachuun,otoo hin fudhatiin akka hafanillee dubbateera. Kanaaf reeffa namtichaa akka gubellee dubbate Shivaan. Haroon Huseen Sagaa Shivaan Shivaan daakee ,lubbuu namaa keessaa baraaru kun amma hedduu faalamurran kan ka’e qaamn isaa hooksisuu fi dhibeewwan akka taayifooyidiin isa saaxileera. Shivaan’’ nama bishaanitti of darbuu arginaan dafte atis bishaanitti utaaluu qabda, daftee deebii kennuu qabda’’ jedha. Ganna keessa fooliin haroo kanaas ni haja’a/xira’a, boftillee qarqaraasaatti ni argama, Shivaan garuu hojiisaa dhiisaa hin jiru. ‘’Asuma turuun barbaada,yoon as ture lubbuu namaan baraara,lubbuu baraaruun hundaa caala’’ jedhe Shivaan.
Koronaavaayiras: Indiyaatti weerarri Covid-19 heeruma umurii malee babal’ise Raaniin shamarree ganna 13, barattuu kutaa 8 dha. Maatiinshee heerumsiisuuf jennaan falmatteetu isaan dhaabsiifte. Indiyaa keessatti sochiin yoo ugguramu manneetiin barnootaa cufaman. Abbaan Raanii dhukkuba TBn rakkatan yoona kana ture mucaa isaanii heerumsiisuuf kan murteessan. Indiyaa keessatti ijoollee ganna 18 gad jiran heerumsiisuun yakka dha. Haa tahu malee biyyattii keessatti gaa’elli umurii malee lakkoofsa guddaa qabutu raawwata. Addunyaarras lakkoofsi kun tokko sadaffaa dha. Akka UNICEF jedhutti yoo tahe ijoolleen miiliyoona 1.5 tahan ganna 18tiin gaditti heerumu. Bara kana immoo daran hammaateera. Dhaabbatni tola-oolaa Chaayildlaayin’ jedhamu hanga ji’a Adooleessaa ijoolleen maatiin dirqamaan nu heerumsiisuufi jedhan isaaniitti bilbilan lakkoofsi isaanii 17n dabaleera. Sababii uggura sochiitiin namooti baayyeen hojii isaanii idilee dhabaniiru kanaaf hojii al-idileerratti bobba’aniiru. Mootummaan immoo godaantonni miiliyoona 10 tahan hojii dhabuurraan gara qe’ee isaanitti deebi’aniiru jedha. Maatiin baadiyyaa jiraatan ijoollee dubaraa isaanii heerumsiisuun ala filannoon akka hin jirre yaadu. Biyyattiin Waxabajjii keessa sochii haa jalqabduyyuu malee hojii fi barumsi akkuma cufameen jira. Diinagdeen biyyattiis gadi-bu’aa jira. Haalli kun ijoollee rakkoo keessa galcheera. Manneetiin barnootaa ijoolleef bakka baqaa turan cufamanii jiru, duraan ijoollee kana kan tiksu barsiisota isaanii ture. Akshiin Eed keessa ka hojjetan Saamiitaa Kaanjoow,’’ hawaasa harka qalleeyyii keessa dubartoonni akka baratan hin jajjeebeefamu. Dubartoonni barnoota erga addaan kutaniin booda deebisanii jalqabuuf maati isaanii amansiisuun irra jiraata,’’ jedhu Qabsoo ijoollee Hiriyyaan Raanii kan heerumte barana dha.Ishees maatiin ishee heerumsiisuuf heerumsiisuuf akka tahe yoo bartu gara sarara bilisaa ijoollee gargaarutti bilbilte.
Dubartoonni barnoota erga addaan kutaniin booda deebisanii jalqabuuf maati isaanii amansiisuun irra jiraata,’’ jedhu Qabsoo ijoollee Hiriyyaan Raanii kan heerumte barana dha.Ishees maatiin ishee heerumsiisuuf heerumsiisuuf akka tahe yoo bartu gara sarara bilisaa ijoollee gargaarutti bilbilte. Dhaabbatni tola oolaa tokko poolisoota waliin tahuun gaa’ela kana dhaabsiseera. Kana booda abbaan Raanii lubbuun darbe,’’barnooti yeroo jalqabu mana barumsaa deemuu akka qabdu yaaddi haa tahu malee itti gaafatamummaan maatii bulchuu narra bu’eera,’’ jetti Ijoolleen dhiiraa immoo maatii isaanii deeggaruuf warshaalee gargaraa keessatti akka hojjetan ni dirqamu. Hindii keessatti ijoollee hojii humnaa hojjechiisuun dhorkaa tahus, qorannoon bara 2011tti adeemsifame ijoollee Hindii miiliyoona 260 keessaa miiliyoonni 10 hojii humnaa hojjetu. Paankaaj Laal mucaa isaanii ganna 13 warreen namoota seeraan ala daddabarsanitti kennan, galii otoo hin qabaatiin ijoollee shan soruu hin dandeenye. Mucaa isaanii fageenya km1000tti erganii warshaa keessa akka hojjetu taasisaniiru. Ji’atti doolaara 68 argata. Mucaan isaanii haala kana keessa galuun isaa isaan gaddisiisa. ‘’Ijoolleen guyyaa lamaaf hin nyaanne. Kanaaf nama seeraan ala tahettin mucaa koo kenne,’’ jedhu. Geejibni biyya keessaa daangefamus warreen ijoollee seeraan ala daddabarsan garuu hojii isaanii hin dhaabne. Waggaa 25f ijoollee warreen daddabarsitoota irraa baraaraa turan, amma haalli kun hammaachuu dubbatu. Warreen namoota daddabarsan matta’aa kennaniitu mana hidhaarraa bahu. Maatiin immoo dhimmi akkasii poolisiitti akka hin himneef ni doorsifamu. Paankaaj garuu akka carraa otobisiin mucaa isaanii qabatee deemu lafa tursiisaa akka galu taasifameera. ‘’Mucaa koo dadhabaa taheen erge. Kana booda duguuggaa haxaawwateellee nayaata malee gara hojii hin erguun,’’ jedhu.
Bo'oowwan bishaaniis baayyee miidhamaniiru,'' jiraataan magaalaa kaabaa tokko oduu royitarsiitti himeera.
Qeerransa Hindii adamoofi dhaltuu barbaacha imala 'dheeraa' taasise Qeerransichi baatii shan keessatti km1,300 imaluun Hindiitti isa jalqabaa jedhamuuun galmeeffameera. Akka ogeessonni jedhanitti umriin qeerransa kanaa reefu waggaa lamaaf walakkaadha. Qeerransi kuni adamoofi dhaltuu barbaacha imala dheeraa kan taasise yoo ta'u meeshaan sochii isaa to'atu keewwateera. Qeerransichi kunuunsa bineensotaa lixa Hindiitti argamu irraa waxabajjii keessa bahe. Lafa qonnaa keessa duubaafi fuulduratti marmaaruu , bishaan keessaafi daandiirraafi ollaa namootaa keessa otoo deemuu mul'ateera. Hanga yoonaa namootaa waliin qofa kan walitti dhufe yoo tahu, nama dagala inni ture keessa garee biraa waliin ture miidheera. Qeerransi kun maqaansaa C1 jedhama haadha T1 jedhamturraa dhalate. Lafti kunuunsa bineensotaa naannoo Mahaarashitiraa argamu qeerransoota 10 qaba. Mahaarashitiraa keessa naannolee torba caalaan waliin gaheera, Sambattan darbe immoo gara lafa kunuunsa biraatti dabarfameera. Hojjettoonnii kunuunsa bineensotaa qeerransichi kallattii tokkoon adeemaa hin turre jedhaniiru. GPS fayyadamuun garaagarummaa sa'aa tokkoo gidduutti hordofaas turan, iddoo 5,000 caalaatti mul'ateera. Qeerransichi guyyaa rafeetu halkan adeemaa ture, booyyee bosonaafi loon adamsee nyaachaa ture. Baayolojistiin gameessi Inistitiyuutii Bineeldota Hindii Dr Bilaal Habiib, qeerransi kuni araddaa keessa akka deemaa ture namoonni hin hubanne jedhan. Isa namicha bosona keessatti argatee miidheen alatti namootaa waliin walitti hin buune jedhan. Haa tahu malee, ogeessoti kunuunsa bineensotaa balaa hin eegamiin otoo hin qaqqabsiisin dura qabamee bosona naannoo jirutti deebifamuu qaba jechaa jiru.
Haa tahu malee, ogeessoti kunuunsa bineensotaa balaa hin eegamiin otoo hin qaqqabsiisin dura qabamee bosona naannoo jirutti deebifamuu qaba jechaa jiru. Meeshaan sochii isaa hordofu baatirii fixaa waan jiruufis yeroo dhihootti isa hordofuun rakkisaa taha jedhan. Hindiitti lakkoofsi qeerransaa haa dabaluyyuu malee lafti jireenyasaaniifi waan isaan adamsan akka barbaadan miti. Qeerransi tokkoon tokko nyaata gahaa kuufachuuf bineensota adamfaman 500 daangaa isaanii keessatti barbaadu jedhu ogeessonni.
Chandirayaan-2: Indiyaan imala gara Addeessaa eegalte Indiyaan torban darbetti eegaluuf karoorfamee sababa rakkoo teeknikaan haqame kan ture imala hawaa isa lammafaaashee deebitee yaaluufi. Chandirayaan-2 har'a Wiixata akka biyyittiitti waaree booda sa'aatii 8:43tti wiirtuu haawaa Siriharikotaatii lafarraa ka'e. Dabalataanis rookkeetiin kun "isa duriirra hedduu jabaatee, mul'ata biyya lammilee biiliyoonaa ol qabduu Adeessatti gessuuf" qophaa'aadha jedha. Rookkettiin kun utuu imala gara Addeessaa hin eegaliin guyyoota 23 keessa turuuf orbitaa lafaa keessa galeera. Taateen kun televiziyoonaafi midiyaalee hawaasumma Isro irratti kallatiin tamsaasamera. Imalli baajata doolara miiliyoona 150 kun bantii Kibba Adeessaarra qubachuun isa jalqaba akka ta'u hawwii dhaabbata hawaa kanaati. Akka Isro jedhutti imalli Adoolessa 15 taasifamuuf ture sababa "rakkoo teeknikaa kutaa rookkeetii ol dhukaasuu kessatti argameef " jecha ka'umsa karoorfame daqiiqa 56 dura haqame. Isroon imalli kun lafarra harkifatus deggarsa jiruuf uummata galateeffateera. Imalli hawaa Indiyaa bara 2008 - Chandirayaan-1 - adeesarra hin qubatiin hafus, qorannoo adeessarra bishaan barbaaduu isa jalqabaa isa gadi fageenyaan hojjetame gaggeesse ture. Chandirayaan-2 bantii Kibbaa Adeessaa kan badaa hin qoratamne irra qubachuuf ni yaala. Ergami imala kanaa dirra adeessarratti xiyyeeffachuun albuudotafi bishaan barbaadu, kirkira adeessarra jiru safaruufi qorrannoowwan biroos ni taasisa. Indiyaan imala kanaaf rookkeetti cimaa isa qabdu 'Geosynchronous Satellite Launch Vehicle Mark III (GSLV Mk-III)' jedhamu fayyadamti. Rookketiin kun ulfaatina Kg 640000 fi dheerina meetira 44 kan qabudha.
Rookketiin kun ulfaatina Kg 640000 fi dheerina meetira 44 kan qabudha. Adeessarra qubachuun booda konkolaataan adeessarra suuralee adda adda kaasuun gara lafaatti ni erga. Imalli km 384,000 adeemuuf eegalamu kun Addeessarra fulbaana 6 ykn 7 ni xumurama kan jedhu abdii Isro dha. Harkisa lafaa (giraavitii) fayyadamuun dhabbatti hawaa kun kallattiwaan imala filateera, kun immoo saatelaayyiti kan gara Addeessaatti furguggeessuuf gargaara. Saatelaayitiin erga rookketti irra gargar ba'ee gara Addeessaatti waan furguggeefamuuf namooti rookkeetti to'aatan daqiiqaa 15f callisanii ilaaluun alatti homaa goochuu hin danda'ani jedhu hogganaan Isro Dr K Sivan. Satelaayitin kan qubachuu danda'u siistamooti hundi yoo sirritti waliin hojjetan qofa, ta'uu baannaan dirraa adeessarratti kufee caccabaa jedhu Dr Sivan. Jalqaba waggaa kanaatti yaaliin imala gara Addeessaa Israa'eel jalqabaa satilaayitiin yeroo qubachuuf jedhutti addeessarratti caccabe. Ergamaimala kanaa irratti injiinarootaafi saayintistoota 1000 ta'antu hirmaate. Yeroo jalqabaaf garuu Isroon ergama hawaa kana dubartiin akka hoggantu filateera. Dubartooti lama imala gara Addeessa Indiyaa ni gaggeessu. Daariktarri sagantichaa Muthaya Vanitha waggooti dheeraaf Chandirayaan-2 k kunuunsa kan turteyoo ta'u, adeemsu kun kan qajeelfamu Ritu Karidhal kan jedhamtuuni.
Afgaanistaan: Gareen shamarranii Afgaanistaan roobootii tolchan nagaan Kaataar galan Garee shamarranii roobootii tolchan Afgaanistaanii baasuuf muddama guyyaa baay'eef taasifameen booda nagaan Kaataar galaniiru jechuun dhaabbanni isaanii hime. Gareen kuni miseensota sagal qaba. Adeemsi isaaniin Afgaanistaanii baasuu mootummaa Kaataariin raawwate. Gareen shamarranii kun 2017tti wal-dorgommii ‘robotics’ UStti taasifame mo’achuun ijoo dubbii tahuun baraman. Barnoota dubartootaa Afgaanistaaniif fakkeenya tahuun bal’inaan leellifamaniiru. Gareen shamarranii ganna 15 hanga 19 jiran barsiistuu isaanii waggaa 25 waliin achii akka bahan kan godhame haalli magaalaa guddoo biyyattii Kaabuul hammachaa dhufnaani. Dhaabbanni olaanaa garee kanaa Digital Citizen Fund (DCF), kan UStti argamu, Kaataar shamarran kunneen akka deeggartu gaafa Hagayya, 12 otoo Taalibaan hin qabatiin gaafate. Qondaalonni mootummaa Kaataar shamarran 2019tti Dohaatti erga isaan keessummeessaniin as isaan iyyaafataa turan. Shamarran kunneen lixa Afgaanistaan iddoo Heraat jedhamuu dhaa bahan. Dhaabbatni DCF,’’Kaabuul to’annoo jala ooluuf akka jettu yeroo barru haajaa alaa Kaataar qunnamne, isaaniis viizaa ariifachiisaa baasuun atattamaan akka bahan godhan,’’ jedhan miseensi boordii DCF, Elizabeth Schaeffer Brown. ‘’Baayyee isaan kunuunsaa jiru,’’ jedhan. ‘’Haa tahu malee shamarran kunneen baraarfaman jechuu hin dandeenyu sababiinsaas ciminaafi dhamaatii ofii isaaniin waggoota baayyee dabarsan,’’ jedhan. Balaliin Kaabuul irrraa gara Kaataar godhan nageenya isaaniif jecha kan taasifame dha jechuunis ibsaniiru. Shamarreen kunneen ammaaf Dohaa jiran, Kaataar turu ykn barnoota isaanii itti fufuuf iddoo biraa deemuu malu. Miseensi boordii dhaabbatichaa akka ibsitetti, ‘’barnoota isaanii itti fufuun dhimma murteessaa taha.’’ Miseensonni garee shamarran kanaa hafan barsiisotaafi gorsitoota isaanii waliin ammallee Afgaanistaan keessa jiru.
Miseensi boordii dhaabbatichaa akka ibsitetti, ‘’barnoota isaanii itti fufuun dhimma murteessaa taha.’’ Miseensonni garee shamarran kanaa hafan barsiisotaafi gorsitoota isaanii waliin ammallee Afgaanistaan keessa jiru. Gareen roobootiii Afgaan kuni bara 2017 ture kan hundaa’e. Bara darbe gareen kuni dhukkubsattoota Covid-19 haalaan dhukkubsatan gargaaruuf jecha ventileetara hojjetaniiru.
Pirezidantiin Yukireen Zeleniskiin magaaloota adda waraanaa dowwatan Pirezidantiin Yukireen Voloodomiir Zeleniskiin magaalaawwan biyyattii gama kibbaan Raashiyaa waliin keessatti wal waraanaa jiran yeroo jalqabaatiif qaamaan argamanii daawwatan. Pirezidaanti Zeleniskiin magaalaa waraanaan barbadoofte Maayikoliivaatti argamuun dowwachuun alattis loltoota, qondaaltoota waraanaafi ogeessoota fayyaa waliin haasa’aniiru. Magaalota Pirezidaant Zeleniskiin daawwatan keessatti Maayikoliivaafi Odeessaan ni argamu. Magaalonni kunneen lamaan carraaqqii waraanni Raashiyaa Bilaak Sii qabachuudhaaf jecha dhimmee lolaa jiru keessatti addatti warra irratti xiyyeeffatamanidha. Raashiyaan erga baha Dombaas irratti xiyyeeffannaa taasifiteen booda, waraanashee magaalaa guddoo Yukireen, Kiyeev irraa fageessitee jirti. Kana hordofees, pirezidaant Zeleniskiin hoggantoota jaarmayaalee adda addaafi biyyoota biroo waliin Kiyeev keessatti idileedhan wal arguu eegalaniiru. Haata’u malee, pirezidaantichi torbanoota muraasaan asi magaalaa bahan Yukireeniitti adda waraanaa taatee Kaariikush dabalatee naannoolee adda waraanaa ta’an dowwachuu eegalan. Zeleniskiin magaalaa Odeessaatti haasaa loltootaaf taasisaniin, "dhimmi baayyee ijoo ta'e isin lubbuun jirtu. Isin hanga lubbuun jirtaniitti ammoo gimbiin cimaan biyya keenya eeggu ni jiraata," jedhan. Itti dabaluunis, ‘‘gochaa olaanaa raawwataa jirtaniifi tajaajila gita hin qabneef isin galateeffachuun barbaada,’’ jedhan. Magaalaa Maayikoliivitti ammoo Zeleniskiin loltootaaf meedaaliyaa kan kennan yoo ta’u, ‘‘Wanti qabnu tokkichi isa waan ta’ef Yukireenin tiksaa. Gochuu kan dandeessan isa qofaa waan ta’eef ofii keessanis eegaa,’’ jechuun akeekkachiisan. Magaalattiin yeroo dheeraaf xiyyeeffannaa waraana Raashiyaa kan turte yoo taatu, rookkeettiifi madiifii cimaan itti roobaa bahe.
Magaalattiin yeroo dheeraaf xiyyeeffannaa waraana Raashiyaa kan turte yoo taatu, rookkeettiifi madiifii cimaan itti roobaa bahe. Magaalaan tunis magaalaa Keersoon kan baha-kibbatti argamtu irraa fageenya km100 irratti kan argamtuudha. Keersoon erga waraanichi eegalee kaasee to’annoo waraana Raashiyaa jala kan turte yoo ta’u, amma garuu waraanni Yukireen suutaan gara sanatti imalaa jira. Torban darbe keessas qondaalli Yukireen tokko Raashiyaan imala waraana Yukireen ittisuuf riqichawwan diigaa jira jechuun dubbachunsaanii ni yaadatama. Qondaaltoonni naannichaa akka jedhanitti, cimiinni Yukireenotaa kamuu kan hundaa’u meeshaalee waraanaa fageenya dheeraa warra Lixaatiin waadaa seenameef yeroo qaqabuu irratti.
Ogeessi ibidda dhaamsu tokko Ejensii Oduu Xaaliyaan Adiinkironos jedhamutti akka himetti ibiddi sun gommaan gubachuu isaaniin ka’uu hin hafne jedheera.
Liiz Tiraas Ministira Muummee UK ta'uufi Liiz Tiraas dorgommii hooggansa paartii warra Konservii UK injifachuun ibsamuu hordofee Minisitira Muummee UK ta'uuf akka jirtu mirkanee'era. Guyyaa boruu mootummaa haaraa ijaartu beeksisuu dura giiftii UK Eelsabeet II Balmooralitti arguuf jirti. Liiz dura teessoo dhaaba Tory ta'uun bakka Booris Joonsan qabachuuf namoota 10 biroo waliin ji'ootaaf dorgomaa turte. Dubartiin ganna 47 Liiz Yunivarsiitii Oxforditti baratte. Dhaaba ishee keessatti fudhatama guddoo qabaachaa kan hin turre Mary Elizabeth Tiraas morkataa ishee jabaa Chancellor Rishi Sunak injifaachuun aangoo MM qabachuufi. Paartiin Konservaatistii UK dhimma filannoo keessoo dhaaba isaa ilaalchee seera haaraa baase hordofee garaagartummaa guddaan ni injifatti jedhamus garaagartummaa xiqqaan injifatte. Paartichi bara 2001 erga seera isaa wayyeesse booda morkataan sagalee dhibbeentaa 60 gadi argate hin jiru. Dura taa'aa dhaaba kanaa ta'uuf wayita dorgoman Boris Joonsan 66.4% argatee kan ture yoo ta'u Liiz 57% argatte. Liiz filannoo kana injifachuu booda dubbii gooteen ''natti amantanii waan na filattaniif galatoomaa'' jetteetti. ''Yeroo ulfaataa kana keessa darbuuf tarkaanfiiwwan jajjaboo nan fudhadha, diinagdee nan cimsa, dandeetti UK qabdu nan baasa'' jette. "Karoora cimaa baasun qaraxa hir'isuufi diinsagdee biyyaa guddisuuf akka paartii konsarvaatiivitti" akka gaggeessitu waadaa galtee jirti. "Baasii namoonni boba'aadhaf baasan ilaalchisee qaala'iinsa gatii baba'aa irratti nan hojjadha." "Rakkoo dhiyeessii boba'a yeroo dheeraf ture irrattis akkasuma nan xiyyeeffadha," jette MM haaran kun.
"Rakkoo dhiyeessii boba'a yeroo dheeraf ture irrattis akkasuma nan xiyyeeffadha," jette MM haaran kun. Rakkoo diinagdee cimaa waggaa 40 keessatti olk'aadha jedhame mootummaa ishee dura ture irraa dhaaltee jirti. Rakkoo qaala'iinsa jireenyan wal qabatee biyyattii hudhee jiru furuudhaf katroora qabdu guyyoota itti aanan keessatti ifan godha jettee waadaa seente.
Iddoowwan Ruutoon deeggarsa olaanaa qabanitti namoonni hedduun karaatti bahuun gammachuu isaanii kan ibsataa turan yoo ta’u, iddoowwan muraasa Odingaan deeggarsa fooyyee qabaniitti mormiin dhalateera.
Gaheen sabummaan filannoo Keeniyaa keessatti qabu hir'ateeraa? Keeniyaan filannoo Hagayya 9, 2022 gaggeeffamuuf qophaa'aa jirtu kanatti, walqoodiinsi sabarratti bu'uureeffatee fi siyaasa biyyattii muddaa ture, amma waan qabbanaa'aa jiru fakkaata jedha gaazexeessaan BBC Dikans Olewee. Amajjii 20, 1994 ganama akkaan qorrutti, wayitan gara daree barnootaa seenutti arrabsootu na eege. Waan naan jedhan gara caalu hin yaadadhu, garuu jecha tokkittii tana tasumaa hin irraanfadhu. ''Waaqni kee du'eera,'' naan jedhe barataan daree koo tokko. Pireezidantii ittaanaan jalqabaa Keeniyaafi boodarras nama siyaasaa beekamaa kan turan, Jaaraamogii Ogingaa Odingaa gaafas du'an. Barattoota sadarkaa jalqabaa taanus, waa'ee siyaasa biyya keenyaa gosarratti bu'uureeffate garuu inuma beekna turre. Barataan sana naan jedhe sunis, duuti nama kanaa hawaasa Luwo'f maal jechuu akka tahe waan beekuuf sana dubbate. Qoccollaan gosa ykn sabarratti xiyyeeffate bakka taphaa manneen barnootaa fi daree keessattillee kan barame ture. Barsiisonni tokko tokkos amala barattootaa qeequufi jajuuf gosasaanii dhawu turan. Waanti akkasii hanga har'aattillee qoosaa miidhaa hin qabnetti fudhatamus, yeroo tokko tokko waan hin taanetti ceha. Achiirraa ganna saddeetiin booda dhimmi na mudate haala biraatin deebi'e na mudate. Akkas ture, Naayiroobii keessatti maatii harka-qalleeyyii tahan gargaaruuf tola-ooltummaan hojjechaa ture. Daa'imni ganna afurii amanamummaan na bira dhuftee Afaan Iswaahiliin: "Wewe ni kabila gani?" naan jette - ''Gosti yookaan sabni kee maali?'' jette. Deebiikoo kallattii hin taanee, guddoo hin gammadne daa'imni kun.
Boodarra garuu akkan hubadhetti, hiriyootashee wajjin gosa kamirraa akkan tahe falmiirra turan. Fedhiin daa'imman kanaa kan madde tarii haala siyaasaa wayita sana turerraati. Fedhii waa baruun daa'imni kun qabdu gaarii taheetu, anaan garuu na quuqe. Barmaati hawaasaa ani amaleeffadhe gaaffilee akkasiirraa akkan fagaadhu na barsiisaniiru. Keessaafuu gaaffii kana kallattiin yoo na gaafatan. Kana malees deebiin koo isheef maal jechuu ta'a laata kan jedhus na yaaddessee ture. Siyaasi Keeniyaa morkii gosoota biyyattii keessa jiran 40 ol tahaniin kan dhuunfatame ture - keessattuu saboota lakkoofsaan gurguddaa tahan biratti morkiin kun ni cima. Namoonni siyaasaa miidhama seenaa keessaafi adda addummaa aadaa, hokkora kakaasuuf yeroo hedduu itti dhimma bahu - kanaanis filannoo injifachuus karoorfatu. Malli hamaan kun bara hedduu kan lakkoofsi yeroo tahu, miidhaan qabus biyyoota hunda keessa kan jirudha. Keeniyaatti eenyummaan gosaa faayidaa argachuuf hojiirra oola. Yeroo garii hojii argachuuf akka ulaagaa tokkotti, yeroo kaan ammoo filannoo gubbaa sagalee kennuuf, akkasumallee nama aangoo qaburraa waa argachuufillee itti fayyadamu. Gama kaaniin namoota biroo busheessuufi aarsufillee dhimma gosaa itti fayyadamu. Siyaasni silaa dhimmoota hawaasni barbaachisu dhiisanii, waan akkasiirratti akka xiyyeeffatan taha. Keeniyaatti filannoo 2007 gaggeeffameefi falmisiisaa taheen booda, hokkorri gosarratti bu'uureeffate dhalachuun gaaga'ama guddoo geessise. Namoonni 1,500 ol tahan wayita ajjeefaman, hedduun miidhaman, 600,00 kan tahan ammoo qe'eerraa buqqa'an. Hokkorri gaafasii tarii seenaa Keeniyaa erga walabummaatii as isa gaddisiisaa ture. Biyti gara caalu nageenyaan beekamtuufi ardii Afriikaa irraa baqattoota kuma dhibbaan lakka'amaniif dahoo taate kun ofiin of miite.
Madaan gaafasii hanga ammaallee hin qoorre. Yeroo filannoo kanaatti maatiin muraasni rakkoo dhufu malu jalaa bahuuf iddoowwan sabni isaanii baay'inaan jiraatutti yeroof godaanuuf kaayyeeffatu. Maatiin saboota garagaraa irraa tahan garuu rakkoon isaan mudata - bakka kamtu nuuf nageenya qaba kan jedhu isaan yaaddeessa. ''Keeniyaan seenaa gaddisiisaa komii hin furamneefi hanga waggaa 50 gahan qabdi. Kunis yeroo hedduu hokkorri akka kahuuf sababa. Namoonni siyaasaas hawaasa gidduutti sodaa uumuu barmaata taasifataniiru,'' jedhan qondaalli Komishinii biyyattiitti nageenyi akka bu'uuf hojjetu (NCIC) Sam Kona. ''Namoonni kun dorgommii aangoo namoota siyaasaa gidduutti taasifamu akka tahe hin hubatan. Gaafa waanti hunduu xumuramu, jarri sun mo'atanis mo'achuu baatanis boodarra waliif tahanii jiraatu,'' jechuun BBCtti himan. Aabba Koonaan akka jedhanitti, dhaabni isaanii NCIC kaawuntiiwwan jaha filannoo dhufturratti muddamni dhalachuu mala jechuun adda baase, sababa ''araara buusuuf carraan itti darbedha''. Aab Koonan akka jedhanitti Keeniyaan bara 2010 heera haaraa raggaasite kaawuntiiwwan 47 uumeera. Kaawuntiiwwan kunneen bulchitoota ofiisaanii kan qaban yoo ta'u, kunis namni injifate waan hunda dhuunfata yaada jedhu hambisuuf. Heerri biyyattii kaawuntiiwwan hundi walqixa ilaalamu, gartuuwwan garaa garaa qabeenyarratti akka wal hin dorgomne gochuuf baajata biyyattii karaa haqa qabeessaa ta'een argatu jedha. ''Taatullee lammileen Keeniyaa harki caalaan ammas pirezedentummaa akka madda aangootti ilaalu. Ta'iin akkasii muddama hordofsiisa,'' jedhan Aab Koonaan. Aab Koonaan jdhanitti, NCIC'n tattaaffii nageenya jajjabeessu cimseera. Ogeessi bulchiinsaa Joon Gitoongoo bara bulchiinsa Pirezedanti Muwaa Kibaakii shira malaammaltummaa guddaa dalagamaa turan ifa baasuu hordofee hawaasa Kikuuyuu muraasa biratti akka gantuutti ilaalamuu isaatiin bara 2005 biyyaa baqatee ture.
Aab Gitoongoon BBCtti akka himetti, duula filannoo kanarratti gosaan wal gurmeessuu hedduu hin mul'anne, sababni isaammoo Pirezedant ittaanaan kan ta'an Wiliiyaam Ruutoon morkiin warreen jireenyaa mo'achuuf tattaafatanii fi warreen maatiin isaanii aangoorra turanii giddutti akka gsaggeffamu taasisaniiru. Aab Odingaan Keeniyaa Gosaan qooduu qeequun dhaamsa tokkummaa biyyattiirratti qiyyaafateera. Haala duula filannoo duraaniirra jijjirama qabuun morkattoonni lamaan imaammata hawaasummaa fi dinagdeerratti wal arrabsan/afaan keessa wal bahan. Afaan walitti darbuun waan ajaa'ibaa hin turre, sababni isaas wayita filannoon dhiyaate kanatti jireenyi kan duraanirra qaala'uu, hojii dhabdummaan hammaachuu fi liqaa biyyattiis guddateera. Filannoo pirezedantummaaf torbanoonni muraasni wayita hafe kanatti Pirezedantiin bara hojiisaanii goolabaa jiran Keeniyaataan gatii daakuu boqqolloo hir'isuu beeksisan. Kunis nyaannii biyyattii keessatti hedduu beekamu Ugaaliin gatiin akka gadi hiratuuf yaadameeti. Aab Ruutoon yeroo kanatti gatii hir'isuun kun Aab Odingaan carraa filannoo injifachuu qaban jabeessuuf tattaffii taasifamu akka ta'etti ilaalu. Pirezedanti Keeniyaataan ittaanaa isaanii deeggaruu dhiisanitu Aab Odingaa deeggaran. Kunis gartummaa siyaasaa Keeniyaa gosummaan dhiibama ture geeddamuusaaf agarsiistuudha. Bara 2007 Aab Odingaa fi Aab Ruutoon gartuu tokko jalatti hiriiranii Aab Kibaakiin morkataa turan. Yeroo sanatti garuu Aab Keeniyaataan Kibaakii deeggaru ture. Hokkorri filannoo Keeniyaa bara 2007 booda Aab Ruutoon hawaasa Kaleenjii, Aab Keeniyaan hawaasa Kikuyuu walirratti kaasuun mudate namoonni du'uu isaaniitu yaadatama. Taatullee bara 2013 fi 2017 Aab Keeniyaataa fi Aab Ruutoon garee tokko jalatti hiriiruun faallaa Aab Odingaa hiriiranii turan.
Taatullee bara 2013 fi 2017 Aab Keeniyaataa fi Aab Ruutoon garee tokko jalatti hiriiruun faallaa Aab Odingaa hiriiranii turan. Aab Odingaan hawaasa Luwoo keessaa dhalate. Afrikaatti Daarektarri jaarmiyaa sadarkaa addunyaa Kiraasis Giruup jedhamuu Muritii Mutigaa, lammileen Keeniyaa gartummaa duraanii sana nuffaniiru jedhe. ''Ani akkan yaadutti waanti amma jiru lammilee Keeniyaa addaan hin qoodu, muddama baayees hin kakaasu, namoonni siyaasa kunneen tapha siyaasa isaanii kan taphacha jiran jiran fakkatu,'' jedhan.
Pireezidantiin haaraa Somaaliyaa Hasan Sheek Mohaammad Ertiraa daawwachaa jiru Pireezidantiin haaraa Somaaliyaa Hasan Sheek Mohaammad affeerraa mootummaa Ertiraatiin daawwannaadhaaf Sanbata kaleessa Asmaraa galaniiru. Daawwannaa guyyaa afuriif kan imalan Hasan Sheek Mohaammad, Pireezidant Isaayyaas Af-warqiidhaan buufata xiyyaaraa Asmaraatti simatamaniiru. Waggoota muraasaan dura Itoophiyaa, Ertiraafi Somaaliyaan dhimmoota waloo irratti wajjin hojjechuuf waliigalanii turan. Kana malees pireezidnatiin duraanii Abdullaahii Farmaajoo loltoota kuma shan leenjiidhaaf gara Ertiraa erganiiru, dhimma jedhurratti gaaffiin irratti ka'aa ture. Pireezidantiin Somaaliyaa dhihoo kana filataman Hasan Sheek Mohaammad daawwannaa isaaniin hariiroo Ertiraa fi Somaaliyaa, dhimmoota naannoo fi waloo irratti akka marii'atan Ministirri Beeksisaa Ertiraa Obbo Yamaan Gabiramasqal fuula Tiwiitarii isaanii irratti katabaniiru. Dabaluunis jilli pireezidantichaan hogganamu kutaalee Eritiraa garagaraa keessatti hojiiwwan misoomaa daawwatu jedhaniiru. Waggaa tokko dura loltoonni Somaaliyaa leenjiidhaaf gara Ertiraa ergamaniiru dhimma jedhurratti maatiin loltootaafi mormitoonni Farmaajoo burjaaja'aa turan. Filannoo Caamsaa darbe adeemsifameen aangoo kan gadhiisan Mohaammad Abdullaahii Farmaajoo loltoonni isaanii Ertiraa keessa jiraachuu irratti ifatti dubbachuurraa of qusatanii turan. Haa tahu malee yeroo aangoo isaanii pireezidantii haaraaf kennanitti loltoonni kuma shanii ol leenjiidhaaf gara Ertiraa ergamuu isaaniifi biyya isaaniitti otoo hin deebi'iin kan turan rakkoo siyaasaa Somaaliyaa keessatti uumamuu danda'u ittisuufi jechuun yeroo jalqabaaf amananiiru. Bara darbe loltoota Somaaliyaa icciitiin filamanii gara Ertiraa ergaman ilaalchisee maatiin isaanii achi buuteesaanii hin beeknu jechuun mormiif daandiitti bahanii turan. Caamsaa darbe Farmaajoon yeroo aangoo kennan akka dubbatanitti loltoonni kunneen amma biyya isaaniitti deebi'anii waraana biyyattiitti makamuun Al-shebaab waraanuu irratti bobba'uu jedhanii turan.\nKaaba Itoophiyaatti yeroo waraanni jalqabe mootummaa Itoophiyaa deeggaruun waraanicha irratti kan hirmaatte Ertiraa cinaa dhaabbachuun loltoonni Somaaliyaa hirmaataniiru himannaan jedhu irratti ka'a.
Caamsaa darbe Farmaajoon yeroo aangoo kennan akka dubbatanitti loltoonni kunneen amma biyya isaaniitti deebi'anii waraana biyyattiitti makamuun Al-shebaab waraanuu irratti bobba'uu jedhanii turan.\nKaaba Itoophiyaatti yeroo waraanni jalqabe mootummaa Itoophiyaa deeggaruun waraanicha irratti kan hirmaatte Ertiraa cinaa dhaabbachuun loltoonni Somaaliyaa hirmaataniiru himannaan jedhu irratti ka'a. Haa tahu malee Ministirri Mummee Itoophiyaa Abiy Ahimad loltoonni Somaaliyaa waraana Tigraay irratti hirmaataniiru himannaa jedhu wakkaachuu isaanii Biluumbarg gabaasee ture. Somaaliyaa yeroo lammataaf hogganuuf kan filataman Hasan Sheek Mohaammad, baatii lama keessatti imalawwan biyya alaa muraasa taasisan keessaa Ertiraan kan jalqabaa keessaati. Daawwannaa isaanii kanaan dhimmi loltoota pireezidantii biyyattii duraaniin gara Ertiraa ergaman jedhaman ajandaa marii isaaanii mummee taha jedhamee eegama. Pireezidant Hasan Sheek Mohaammad gara aangootti erga deebi'aniin booda kan daawwatan Yunaayitid Arab Imireetsiini. Amma immoo Sanbatarraa qabee Ertiraatti guyyoota afuriif daawwannaan hojii taasisan bara aangoo marsaa kanaan kan jalqabaati.
Motummaan Kigaalii galuu himannaa kana hin fudhatu.
Uffanni salbaajii morkattoota pireezidantummaa Keeniyaa falmiitti galche Filannoo pireezidantummaa Keeniyaa ji'a Hagayyaa keessa gaggeeffamuuf morkattoota deeggarsa guddoo qaban Wiiliyaam Ruutoo fi Raayilaa Odiingaa dhimma huccuu salbaajii alaa galu irratti wal-falman. Tokkummaa Azimio la Umoja jedhamu kan hoogganan Raayilaa Odiingaa 'uffata namoota du'aniin uffatamaa ture gurguruurra'' ofii omishinnee isa akka gurguran goonaa jechuun sagantaa tokkummaa isaanii yeroo ibsan dubbatan. Odiingan yoo pireezidantii ta'anii filataman dhaabbilee huccuu omishan akka jajjeebeessan waadaa galan. ''Hojii omishaatti gallee namoonni salbaajii (mitumba) biyya alaatii galchan, omisha gaarii gurguran asumaa akka qabaatan goona'' jedhan duula filannoo Wiixata ture irratti. Odiingaan guyyaa itti aanu karoorri gama kanaan qaban jirbiifi galteewwan omisha huccuu dhiyeessuu qofa osoo hin taane huccuu dhiiraafi dubaraa omishee gabaaf dhiyeessuu akka dabalatu dubbatan. Morkataan Raayilaa Odiingaa kan amma pireezidantii itti aanaa biyyattii ta'uun tajaajilaa jiran Wiiliyaam Ruutoo, yaada kanaan kan hiyyeessi kallattiin irraa hin fayyadamnee jechuun qeeqan. Ruutoon yaada Odiingaa yeroo morman gama kanaan karoorri qaban adeemsa gajjalaa irraa asii olee namoota fayyadaa adeemu damee teeknikaa fi oogummaan deeggaruu akka ta'e dubbatan. Adeemsi ''irraa gadee adeemuu hamaadha'' jedhan. Miidiyaa Naayiroobii Niiws jedhamutti yoo dubbatan Raayilaan ''uummatni keenya uffata biyyoota alaatti namoota du'aniin uffatamaa ture malee hin uffatanii'' jedhan. Itti dabaluun kaniin jechaa jiru warra huccuu kana alaa galchan daldala kana keessaa baafna osoo hin taane uffata haaraa biyya keessatti omishaman akka gurguran carraa jalqaba argatuudha jedhan.
Itti dabaluun kaniin jechaa jiru warra huccuu kana alaa galchan daldala kana keessaa baafna osoo hin taane uffata haaraa biyya keessatti omishaman akka gurguran carraa jalqaba argatuudha jedhan. Dameen daldalaa kun sababa weerara Covid'n akkaan miidhamee erga turee booda xiyyeeffannoo pireezidant Uhuuruu Keeniyaattaa argatee omishaaleen galan kun sadarkaa isaanii kan eeggatan akka ta'u fichisiistota waliin waliigalaniiru. Fichisiistotni huccuu salbaajii(jalaa baatee) hunduu dhaabbata sadarkaalee Keeniyaan akka galmaahanii seera qabeessa ta'anii akka hojjetan ta'eera. Keeniyaan biyyoota Sahaaraa gadii keessaa biyyoota huccuu jalaa baatee hedduu biyya alaatii galchan keessaa adda dureedha. Bara 2019 keessa huccuu akka kanaa toonii 185,000 konteenaroota 8,000 ta'uun biyyatti galchuu qorannoon ni agarsiisa. Biyyattiin biyyoota kaan buufata galaanaa hin qabne akka Itoophiyaa fa'attis dabarsitee dhiyeessiti. Bara 2019 qofa mootummaan biyyattii damee kanarraa qaraxa shilingii biiliyoona 12 sassaabeeras jedhama.
Amma dura paarlaamaan UK Tereesaa Meey dabaatee hoggantoota afur haala kanaan aangoorraa kaasuun ni yaadatama.
Shehbaz Sharif: Muddama torban tokkoon booda Paakistaan MM haaraa argatte Paarlaamaan Paakistaan Shehbaz Sharif Ministira Muummee haaraa gochuun filate. Kunis erga Imraan Khan sagalee kennameen deeggarsa qaban dhabuun, aangoorraa kahaniin boodadha. Dursaan waltahinsa mormitootaa kun MM duraanii Khan buqqisuuf kan duulaa ture wayita tahu, mana marichaa keessa deeggarsa olaanaa argateera. Aabba Shehbaz Sharif hanga filannoon Hagayya 2023 gahutti, mootummaa haaraa hangasitti turu ni hundeessu. Namni ganna 69 Obboo Khan, taatee siyaasaa guyyootaan booda sagalee kennameen aangoo gadhiisan. Obboo Khan deeggarsa qabuufi dhabuusaanii irratti sagalee kennuuf adeemsa ture, paarlaamaa diiguun, akkasumas filannoo atattamaa waamuun dhaabuuf yaalee ture. Tahus garuu manni murtii waliigalaa biyyattii himannaa mormituun 'gochaan isaa kun heeraan ala' jechuun dhiyeesseef fudhachuun, sagaleen deeggarsaa akka kennamu heeyyame. Gaafa Wiixataa Aabba Shariif paarlaamaan sagalee guddaa argachuun, ministira muummee Paakistaan 23ffaa tahuun aangoo fudhatan. Miseensonni mana marichaa paartii Tehreek-e-Insaf jedhamuufi kan Obboo Khaaniin durfamu sirna sagalee kenninsaa mormuun, paarlaamaa dhiisanii bahan. Sagaleen erga kennamee obba'e booda, Obboo Shariif mootummaan MM duraanii Khan diinagdee biyyattii sirnaan hin hoogganne jechuun erga komatanii booda, bakkatti deebisuun hojii cimaa akka itti tahu himan. Haatahu malee Imran Khan, aangoo isaanii ministira muummeerraa kahuuf ammallee ''shira biyya alaatu duuba jira'' jechuun komata. Akka inni jedhutti, mormitoonni isaa Ameerikaa wajjiin waltahuun aangoorraa kaasuuf itti malatan - kanaafis sababadha kan jedhu, ejjennoo imaammata hajaa alaa Afgaanistaan, Raashiyaa fi Chaayinaa irratti qabuuni. Ameerikaan himannaa kana cimsitee kan haalte oggaa tahu, mormitoonni isaas himannaa isaa kanaaf guddoo isa komatan, itti qoosan.
Ameerikaan himannaa kana cimsitee kan haalte oggaa tahu, mormitoonni isaas himannaa isaa kanaaf guddoo isa komatan, itti qoosan. Tahus garuu taphataan kirikeet duraanii kun kophaasaa miti - ejjennoo isaa Ameerikaan faallaan dhaabbachuu kun deeggartoonni isaa hedduunis ni amanu.
Filannoo Somaaliyaa: Miseensotni Paarlaamaa ummatni osoo sagalee hin kenniin filataman waadaa galan Somaaliyaatti Miseensonni Paarlaamaa filannoo uummataan osoo hin taane jaarsolii gosaa qofaan filataman waadaa seenu eegalaniiru. Miseensotni haaraan 'House of the People' kan uummata Somaaliyaa miiliyoona 16.3 ta'u bakka bu'an namoota kuma muraasaan qofa filatamu. Sababni kun ta'eef ammoo biyyattiin sirna siyaasaa walxaxaafi al kallattii ta'e waan hordoftuufi. Paartileen siyaasaa filannoo kana irratti hin dorgoman. Namni tokko bahee kaadhimamaa barbaadu tokkoofis sagalee kennuu hin danda'u. Adeemsichi akkasi, teessoo paarlaamaa 275'f bakka buutotni kan filaman jaarsolii gosaa fi hawaasa siivilii hooggantootni mootummaa naannolee filataniini. Achiimmoo miseensonni paarlaamaa kunniin deebi'anii pireezidantii biyyattii filatu. Adeemsa pireezidantii biyyattii filachuu keessatti ammoo manni maree inni xiqqaan teessoo 54 qabu kan naannolee Somaalee shanan bakka bu'us ni hirmaata. Adeemsi kun aangoo gosootni Somaaliyaa siyaasa biyyarratti qaban agarsiisa. Dimookirasiin warra Lixaa biyyoota lafa hin qabanne keessatti bulchiinsa uummataaf tooftaan kun dugugguruu dugdaadha. Biyya caasaan biyyaa itti laafe keessatti ammoo qaawwa uumame guutuuf gargaara. Somaaliyaan bara 1991 bulchiinsu sooshaalistii Sa'iid Baarree erga kufeen booda caasaan mootummaa jabaa hin qabdu. Gosoota Somaaliyaa gidduu markiin jabaan jira. Sirni gosoota kan abbaa aangoo godhe foormulaa aangoo ittiin qoodeef qaba. Akka foormulaa kanaatti gosootni gurguddoon Somaaliyaa afran teessoo paarlaamaa waliqixa ta'e kan qabaatan yeroo ta'u gosootni haan ammoo walitti dabalamanii teessoo walakkaa argatu. Kun bakka buutota gosaa Somaaliyaa aangoo siyaasaa guddaa goonfachiise.
Kamisa kaleessaa bakka buutotni manneen maree lamaan Somaaliyaaf adeemsa kanaan filataman waadaa galuu jalqabaniiru. Ta'uus naannolee tokko tokko keessatti filannoon kun sababa kaadhimamaa dhiyaateefi dhimmoota biroo falmii kaasaniin hin xumuramne. Kun garuu kaadhimtootni filatamuun isaanii mirkana'eef waadaa akka hin galle hin dhorku. Filannoon kun malaammaltummaa guddaa, aangootti hangaa ol fayyadamuu fi seera filannoo sarbuun kan guutedha. Bakka gariitti kaadhimamaa bituuf doolaarri miiliyoonaan baasii godhameera jedhama. Somaaliyaan garuu malaammaltummaa sadarkaa akkanaa qorachuuf dhaabbata cimaa hin qabdu. Siyaasa Somaaliyaa kana keessa gaheen Kataar guddaadha jedhama. Kataar duula bara 2017 irratti pireezidantii biyyattii amma aangoo harkaa qaban Mohaammed Abdullaahii Farmaajoo qophaashee deeggarte xiinxaltootni. Bulchiinsa isaanii keessaas harka qabdi jedhu. Yeroon aangoo pireezidan Abdullaahii Farmaajoo Guraadhala darbe xumuramuu isaa wajjin walqabatee muddamni dhalachaa waan jiruuf paarlaamaan haaran filannoon pireezidantummaa akka ta'utti akka gaggeefamu hawaasni dhiibbaa gochaa jira. Farmaajoon yeroo aangoo seeraan kennameef sababa filannoon paarlaamaa barfateefi sababoota kaaniinis seera baastoota waliin aangoo bulchuu osoo hin qabaatiin aangoorra jiru. Ameerikaafi biyyootni Lixaa biroon namoota siyaasaa Somaaliyaa filannoon paarlaamaa kun akka harkifatu godhan irratti dhorkaa viizaa dabalatee dhiibbaawwan biroo kaahuu isaaniitiin filannichi amma raawwatamee jira. Fandiin Maallaqaa Idila Addunyaa (IMF)hanga walakkeessa Caamsaatti filannoon hin raawwatu yoo ta'e deeggarsa biyyattiif laatu akka dhaabu beeksieera. Mootummaan haaraa erga hundaa'ee rakkoo guddaa biyyattii isa ta'e hongee irratti hojjeta jedhamee amanama. Hongeen waggoota sadan darban akkaan itti hammaatee kan jiru yeroo ta'u dhaabbileen gargaarsaa beellii hamaan dhalachuullee akeekkachiisu.
Ammaan tana namootni miiliyoona 3.5 ta'an deeggarsa namoomaa kan barbaadan yeroo ta'u, daa'imman miiliyoona 1.4 ta'an hanqina nyaata madalawaa hamaaf saaxilamaniiru. Yaaddoon isaanii inni guddaan guddachaa adeemuu hidhattoota Islaamaati. Somaaliyaan teessoo al-Shabaab, kan al-Qaayidaa waliin hidhata qabuufi Afrikaa keessatti hidhataa isa hamaadha jedhamuuti. Gareen hidhattootaa kun Somaaliyaa keessatti kan ijaaramee jabaachuu eegale waggaa 20 dura wayita loltootni Itoophiyaa kan US'n deeggaraman magaalaa guddoo Moqadiishoo haleeluun 'Union of Islamic Courts' aangoorraa buusuuf yaalanittidha. Injifatamuun UIC ''weerartoota'' ariifu jecha al-Shabaab akka cimu sababa ta'eera Har'a al-Shabaab kutaalee Somaaliyaa hedduu to'atee, haleellaawwan irra deddeebiin raawwatuun mootummaa kuffisee mootummaa Islaamaa ijaaruu barbaada. Filannoowwan bara 2012 fi 2016 irratti hoogganoota gosaa butuu dabalatee yaaddoo jabaa uumee kan ture yeroo ta'u filannoo adeemunis Islaamummaa kan hin hordofne ittiin jedhee ture gareen kun. Isa alanaa kana irratti garuu sagaleen garee kanaa hedduu hin dhagaahamu. Sababni ammoo miseensotni ykn kan yaadaan isa deeggaran hulluuqanii paarlmaa galuun sirnicha keessaan dadhabsiisuuf yaada waan qabaniif sodaan jedhu jira. Sodaan kun pireezidantii biyya ollaa Jibuutii kan ta'an Omaar Giilleen ifattibara 2020 dubbatamee ture. ''Paarlaamaa kallattiin ala al-Shabaabiin to'atameetu jiraata sodaa jedhu nan qaba. Sababni ammoo deeggarsa miseensota paarlaamaa bitachuu waan malaniif'' jedhan. Xiinxaltootni gariin yaadni pireezidantii Jabuutii kun gurra guddisuudha jedhanii ammoo al-Shabaab siyaasa Somaaliyaa keessatti humna guddaa ta'uu amanu. Namootni siyaasaa Somaaliyaa waggoota dheeraa dura filannoo alanaarratti namni dhuunfaan bahee nama isa bakka bu'u tokko ifatti filata jedhanii waadaa galanii ture.
Namootni siyaasaa Somaaliyaa waggoota dheeraa dura filannoo alanaarratti namni dhuunfaan bahee nama isa bakka bu'u tokko ifatti filata jedhanii waadaa galanii ture. Waadaan kun hin dhugoomne. Paartilee siyaasaa galmeessuufi dabalatee rifarandamiidhaan heera haaraa raggaasuun waan hin raawwanneef waadaan kun dhugoomuu dhabuun nama hin raaju. Dhimmi kun mootummaa itti aanee dhufu kan qormaatoliin hedduun isa eeggataniif hangam takka hojii manee akka ta'u ifa miti.
'Afrikaatti fonqolchi hammaachuun ardichaaf xumura dimokiraasii miti' Biyyoota Afrikaa shan keessatti fonqolchi mootummaa gaggeeffamuun waraanni aangoo qabateera. Kana irraa ka'uun namootni muraasni ardichatti dimokiraasiin sirna bulchiinsaa filatamaa tahuu dhiisuu mala jedhan. Garuu namootni lama Imbule `Nizigee fi Niik Chiismaan jedhaman hanqinuma isaa waliin dimokiraasiin Afrikaaf karaa tokkicha ishee baasudha jedhu. Garuu sababootni fonqolchi mootummaa akka gaggeeffamu godhan maal fa'i? Humni waraanaa hoo gara dimokiraasiitti deebisaa? gaaffilee as keessatti ka'aniidha. Afrikaatti fonqolchi mootummaa dabalaa dhufuun bara bulchiinsa humna waraanaa 1980 keessatti deebi'aa jira jechuun sodaa uumeera. Burkina Faasoo, Chaad, Giinii, Sudaanii fi Maalii keessatti mootummaan humnaan fonqolchamuun humni waraanaa aangoo harka galfate. Haalichi inumaayyuu amma yaaddoo kan uume yoo tahu yaaliin fonqolchaa fashalaa'es Sentiraal Afrikaa Rippaabilik keessatti kan gaggeeffame yoo tahu, Giinii Bisa'oo keessattis guyyoota muraasa dura yaalameera. Biyyoota fonqolchi keessatti gaggeeffame keessatti sagaleen dhagahamu dimikoraasiin akka hin hojjennee fi hojjechuu hin dandeenye akeeka. Odeessaalee kanaan walitti dhiyaatan: Pirezidaantotni filannoon aangoo qabatan gaafa humnaan kaafaman biyyoota tokko tokko keessatti uummanni daandiitti bahuun gammachuu isaanii ibsatu. Garuu kana irraa ka'uun Afrikaa keessatti dimokiraasiin du'aa jira jennee fonqolcha mootummaa akka ragaatti dhiyeessuun dogogora tahuu mala. Biyyootuma fonqolchi keessatti gaggeeffame keessatti uummatni bulchiinsa dimokiraasiin buluu barbaada. Mootummaa abbaa irrees ni balaaleffatu. Akkaataa Paartilee hedduun siyaasa keessatti hirmaataa jiran yaaddessaa tahus gidduugaleessaan dimokiraasiin madda guddina dinagdee fi carraa hojii uumuu akka tahe qorannoon Yuunvarsiitii Koornel kan Ameerikaatti argamu agarsiisa.
Faallaa kanaan bulchiinsi humna waraanaa mirga namaa sarbuu fi guddina dinagdee quucarsuun beekamu. Karaa biraan ammoo Afrikaan bu'aa dimokiraasii ni galfatti. Rakkoon kan maddu yeroo gaggeesitootni karaa dimokiraatawaa filataman fedha uummataa faallessuun aangoo isaanii tursiifachuuf jecha imaammata dimokiratawaa hin taane hordofanidha. Kun qabxii murteessaadha. Biyyoota akka Giinii fi Maalii keessatti jaalatamummaa isaanii hin dhabne. Sababni isaa ammoo dimokiraasii gaarii jedhame fiduun hn milkoofne. Sirni bulchiinsaa kun haala qabatamaa Afrikaa keessaa waliin waan hin deemneef. Pirezidaantotni deeggarsa qaban dhaban. Hookkarri biyyatti dabalaa dhufnaan duudhaalee dimokiraasii jiran hin eegne. Burkina Faasoo fi Maalii keessatti sochiin jihaadistootaa akkaan dabalaa dhufe. Namootni tibbana fonqolcha mootummaa gaggeessan maaliif galateeffataman jennee yoo gaafanne dubbiin isaa ifadha. Giinii keessatti bara 2020 pirezidaanti Alfaa Koondee karaa falmisiisaa taheen heera biyyattii jijjiiruun yeroo sadaffaaf akka dorgomuuf haala mijeeffate. Kun tooftaa takkaa hin jaalatamnedha. Sababni isaa ammoo kun rifarandamiin heeraa gaggeeffamee yookaan ammoo filannoon waliigalaa gaggeeffamuun karaa walabaa fi haqa qabeessaa taheen kan injifate miti. Kana malees tibba fonqolchi gaggeeffame irra abbaa irree akka tahe agarsiisaa ture. Aktivistoota mootummaa isaa mormanii fi paartilee mormituu hidhaa ture. Akkasumas pirezidaantiin duraanii maalii Ibiraahim Boobakar Keetaa filannoo bara 2020 kessa gaggeeffame waliin dhaheera jedhamuun himatame. Malaammaltummaan haalaan dabaluu fi hookkarri cimuun bulchiinsa isaa seera qabeessummaa dhabsiise. Biyyoota lameen keessatti gaggeesitootni siivilii kunneen jaalatamummaa isaanii dhabaniiru. Sababni saa ammoo ofumaan duudhaa dimokiraasii keessaa bahaniiru.
Dgugumatti garuu uummatni baay'een fonqolcha Alfa Kondee fi Keetaa aangoo irraa kaase haa deeggaran malee qorannoo Afrobarometer gaggeesseen lammiileen Giinii % 76 tahanii fi lammiileen maalii % 70 tahan bulchiinsa humna waraanaas hin barbaadan. Fakkeenyaaf Sudaan keessatti bara 2021 keessa uummatni daandiitti bahuun bulchiinsa humna waraanaa mormaa ture. Humni waraanaa kun yeroo dheeraaf biyyattii bulchaa kan turan Omar al-Bashir aangoo irraa kaasuun boodarra gara bulchiinsa siivilittii deebisu jedhamuun abdatamanii ture. Mormii kana irrattis namootni hedduun madaa'uun gara 79 kan tahan ajjeefamaniiru. Uummatni Sudaan mirgootni dimokiraasii isaanii hanga mirkanaa'anitti mormii itti fufaniiru. Sababni tokkichi ammayyuu biyyoota Afrikaa keessatti inumaayyuu bakka kana dura hojiirra hin oolle keessattillee dimokiraasiin barbaachisuuf mootummootni abbaa irree gahumsaan uummata tajaajiluu dadhabuu isaaniiti. Ruwaandaan akka fakkeenyaatti yoo kaatu, akka Afrikaatti waan ''namni jabaan'' hojjechuu danda'u jedhamteeti. Guddina dinagdee fiduun malaammaltummaa ammoo hir'iseera. Ruwaandaan bulchiinsishee ala kaan addadha. Walumaagalatti hanqinni itti gaafatamummaa fudhachuu bulchiinsa humna waraanaa fi abboota irree jalatti mudatu malaammaltummaan haalaan akka dabalu gochuun imaammatni dinagdee dadhabaan akka hojiirra oolu taasisa. Gidduugaleessaan dimokirasiin Afrikaa keessatti guddina dinagdee guddaa fi tajaajila uummataa fooyya'aa yoo fideera. Walitti bu'insi xiqqaachuun sarbamni mirga namoomaas akka gadi bu'u godheera. Dachee Afrikaa irratti hojiin mootummoota abboota irree dadhabaa tahee fi murteewwan jireenya keenya miidhan keessatti sagaleen keenya akka dhagahamuuf fedhiin qabnu deeggarsi dimokiraasiif qabnu guddaa akka tahu godheera.
Dachee Afrikaa irratti hojiin mootummoota abboota irree dadhabaa tahee fi murteewwan jireenya keenya miidhan keessatti sagaleen keenya akka dhagahamuuf fedhiin qabnu deeggarsi dimokiraasiif qabnu guddaa akka tahu godheera. Humniwaraanaa gaafa aangoo qabatu kan waadaa seenu ol aantummaa seeraa kabachiisuufi dimokiraasiin biyyattii balaa irra akka hin buuneefi jedha. Waan kana jedhaniif inni guddaan garuu akka hawwaasa idil-adunyaan hin balaaleffatamneefi qoqqobbiin irratti hin darbieef. Bakka baay'eetti humnootni waraanaa fonqolchaan aangoo qabatan ammayyuu gara bulchiinsa siiviliitti osoo hin deebisiin turan. Karaa biraa aangoo kana qabachuun bu'aa isaa mi'eeffataa jiraachuu agarsiisa. Kana ammoo dabarsanii kennuu hin barbaadan. Gama biraan ammoo pirokektii siyaasaa yeroo dheeraaf turu xumurachuu barbaadan waan qabaniifi. tasgabbii biyyattii keessatti buusuun mootummaan dimokiratawaa akka hundaa'u goona jechaa waadaa galaa turanii kabajuu dhabuun boodarra uummatas dheekkamsiisuun gara isaaniin buusuuf mormuutti deebisaa jira. Haala kana keessaa bahuuf fonqolcha gagggeessuun filmaata miti. Fonqolchi kamiyyuu dhaabbilee dimokiraasii dadhabsiisuun aangoo afaan qawween argameef bakka kennu.
Yaalii fonqolchaa Giinii Bisaawuun humnooti nageenyaa hedduun ajjeefaman Biyya Lixa Afrikaa, Giinii Bisaawutti yaalii fonqolcha mootummaa taasifameen qaamoleen nageenyaa hedduun ajjeefamuu pireezidantiin biyyattii himan. Umaaroo Sisookoo Embaaloo yaalii fonqolcha mootummaa ''haleellaa dimookrasii irratti aggaamamee fashale'' ittiin jedhan amma to'annoo jala ooluu dubbataniiru. Guyyaa Kibxataa magaalaa guddoo biyyattii Bisaawu gamoo mootummaa keessatti pireezidantichi kaabinee isaanii waliin wayita mariitti jiran dhukaasni kan eegale. Loltootni pireezidantiichaa fi ministiroota isaanii to'achuu himanii ture. Akka maddeen naannichaa himanitti gareen akka gaariitti hidhate pireezidant Embaaloofi Ministirri Muummee Nunoo Goomeez Nabiyaam maricaa turanitti masaraa mootummaa haleelan. Qaamolee nageenyaa keessaa maqaan isaa akka hin ibsamne kan gaafate tokko BBC'tti yoo himu qaamoleen waraanaa huccuu idilee hawasaa uffatan dhukaasa bananiin poolisiin tokko ajjeefameera jedhe. Hoggantootni biyyoota Lixa Afrikaa ta'ii kanaan fonqolcha mootummaati jedhanii, waraanni mooraa isaatti akka deebi'u waamicha godhaniiru. Yaalii fonqolchaa kana ilaalchisee wantootni hedduun ifa miti. Qaamni hidhataan yaalii kana raawwate kam akka ta'es hin beekamu. Pireezidantichis lakkoofsa qaamolee nageenyaa ajjeefamanii hin dubbanne. Addunyaarratti biyyoota hiyyeeyyii jedhaman keessaa tokko kan taateefi kolonii Poortugaal jala kan turte biyyi kun, bara 1980 kaasee fonqolcha mootummaa milkaaheefi yaalii fonqolchaa walumaagalatti sagal ta'an keessummeessiteetti. Liiqaa biyyoota alaa hedduu jala kan jirtu biyyi kun, diinagdeen ishee gara caalu deeggarsa biyyoota alaarratti hundaa'e. Daddabarsa waan sammuu namaa hadoochuu kan Laatiin Ameerikaarraa gara biyyoota Arikaa birootti ca'uufis akka buufata daddabarsaati.
Daddabarsa waan sammuu namaa hadoochuu kan Laatiin Ameerikaarraa gara biyyoota Arikaa birootti ca'uufis akka buufata daddabarsaati. Pireezidantiin biyyattii haleellaan ''sirriitti karoofamee fi qindaayee'' tarii warra waan sammuu hadoochu daddabarsan waliin walqabata jedhanii ture Kibxata galgala yaada kennaniin. Embaaloon bara 2019 keessa filannoo taasifameen injifachataniis paarlaamaa biyyattiirraa mormiin isaan mudatee ture. Mayeenii Joones, Rippoortara Lixa Afrikaa Fonqolchi mootummaa biyyoota Lixaafi gidduugala Afrikaatti deebi'ee dhufaa jira. Waggoota lama darban Maalii, Chaad, Burkiinaa Faasoo fi Giinii keessatti waraannii humnaan aangoo fudhateera. Sudaanittis akkasuma. Ta'ii Giinii Bisaawuun walqabatee dhaabbatni tokkumaa biyyoota Lixaa Ecowas fi Gamtaan Afrikaa ibsa balaaleffannaa baasaniiru. Wanti yaaliiwwan kun ifa gochaa jiran qaamoleen idila addunyaa gochoota akkasii hanqisuuf gumaachii qaban xiqqaa ta'uu isaati. Ecowas Maaliifi Burkinaa Faasoo qoqqobus, naannichatti yaaliin fonqolcha mootummaa itti fufee jira. Giinii Biisaawus waggoota hedduuf qoqqobbii jala turte. Gaaffiifi deebii dhiyeenya godhaniin Hoogganaan Komishinii Ecowas Giinii Bisaawu irratti qoqqobbiin kaahamee ture bu'aa fidee biyyattii gara nagaatti deebisuuf gargaareera jedhan. Yaadni sun amma waan fashalaa'e fakkaata. Xiinxaltootni akka jedhanitti waggoota lamaan darban dimookrasii babal'isuuf tattaaffiiwwan godhaman osoo ija hin godhatiin naannichi deebi'ee gidduuggala fonqolcha mootummaa ta'uutti deebi'uu mala.
Somaaliyaa: Waldhibdeen Pirezidantiifi Ministira Muummee biyyatti garamitti qajeela laata? Filannoon Somaaliyaa dheerachuu hordofee waliigalteen namoota siyaasaa gidduu dhalate wal amanteen akka daraaru taasiseera. Manni maree gadii biyyattii filannoon akka dheeratu murteessee yeroo turtii aangoo Pirezidant Mohaammad Farmaajo waggoota lamaaf dheeressuu hordofeefi dubbiin kan hammaate. Michuuleen idil-addunyaa Somaaliyaafi paartileen mormituu filannoon dheeratuu isaa mormuun Farmaajoo himataniiru. Sababa kanaan magaalaa guddoo biyyattii Moqadishootti hookkarri lubbuu namootaa galaafate dhalatee ture. Walitti bu'iinsa mootummaa federaalaafi mormitoota gidduu Ebla waggaa darbe mudateen yoo xiqqaatee lubbuun namoota 10 darbeera. Mormitoonni turtiin aangoo Pirezidant Farmaajoo waan dhumateef ammaan achi beekkamtii hin kenninu jedhan. Kana hordofees mormitoonni beekamoo waltajjii biyyaalessaa 'Naashinaal Saaliveshin Rifoorm' jedhu hundeessan. Qindoominni kuni mormitoota ijoo Farmaajoo kanneen akka Af Yaa'ii Seenetii Abdi Hashi Abdullaahi, akkasumas hogantoota Jubaa Laandiii Punti Laand kan of keessaa qabudha. Aangoo pirezidantichaa bu'uura heeraa hinqabu jedhan irratti ''tarkaanfii barbaachisaa ni fudhanna'' jechuun dhaadatan. Pirezidantiin Puntilaand Sa'id Abdullaahiifi Pirezidantiin Jubaa Laand Ahimad Mohaammad Islaam magaalaa Moqaadishootti bakka buutota hawaasa idil - addunyaa waliin mari'atanii turan. Yeroosis ''Somaaliyaatiin hadhaba hookkara keessa hin bahamne keessa akka hin seenne akka baraaran'' gaafatan. Ameerikaa, UK, akkasumas Gamtaan Awurooppaa murteen aangoo pirezidantichaa dheerachuun biyyattiin gara nagaafi ijaarsa mootummaa taasistu ni danqa jedhanii turan. Hariiroo biyyattii waliin qabanis akka keessa deebi'anii ilaalan akeekkachiisan. Dabalataan, US kanneen ''nagaafi tasgabbii danqan'' jetteerratti qoqqobbii akka keessu akeekkachiistee turte.
Manni Maree Nagaafi Tasgabbii Afrikaallee aangoon mootummaa dheerachuu isaa hin fudhanne. Pirezidant Farmaajoo irratti mormiin olaanaa dhihaatus mana maree gad aanuufi Gaalmud, Hiwumaale akkasumas bakkeewwan kibba lixa biyyattiitti deeggarsa olaanaa qabu. Sirni federaalaa Somaaliyaa waldhibdee gosaa hammaate dhaabuufi mootummaa giddugaleessaa hundeessuuf carraaqqiin taasifame rakkoo waan godhateef kan hundaa'edha. Qoqqoodamaafi cimaa ta'us dhabu ijaarsi nageenya biyyaalessaa tirataas ta'u saffisa qabuun akka itti fufu taasiseera. Biyyattiin turtii waggoota 30 booda sirna faayinaansii idil-addunyaa keessa seenuuf dhaabbilee faayinaansii ishii irra deebin ijaarteetti. Filannoon achi dhibuu isaan rakkoon tasgabbii uumame durumaa mootummootaa naannolee aangoo Farmaajoo 'gad-qaban' gidduu waldhibdee hammesseera. Fulbaana bara 2018 pirezidantiin naannoo biyyattii shan aangoofi qabeenya irratti waliigaluu dhabuun motummaa federaalaa waliin akka hin dalagne beeksisaniiru. Pirezidant Farmaajon deebii kennuuf hin barfanne. Naannolee to'annoo isaanii jala galchuu eegalani. Kanneen isaan morkatuu malan kaasuun deeggartoota isaanii bulchinsota Gaalmudiifi kibba lixa biyyattiitti ka'aniiru. Mootummaan federaalaa filannoo Punti Laandiifi Jubaa Laand jiran irratti dhiibbaa walfakkaataa gochuu garuu hin dandeenye. Hoggantoonni bakkeewwan kanaa Farmaajoon irra deebiin akka hin filamne hojjetaa jiru. Aangoon Farmaajoo ifatti kan xumurame Guraandhala waggaa darbe ta'us piredantiin haaraa akkamiin akka filatamuurratti waliigalteen waan dhibeef filannoon dheerateera. Kuni dhalatuu isaaf pirezidantiifi ministirri muummee biyyattii wal himatu. Komishiniin Filannoo Biyyaalessaa filannoo ummataa adeemsisuuf akka hin danda'amne beeksise. Filannoo amanamummaa qabu qopheessuuf qophiin hanga baatii 13 gahu akka isa barbaachisu Waxabajjii bara 2020'tti paarlaamaatti beeksise Ta'us, bulchitoonni Jubaa Laand, Puunt Laand, akkasumas paartileen mormituu filannoon dheerachuu isaa hin fudhanne.
Adoolessa bara 2020 inumaa ministirri muumee duraanii Hasan Ali Keyiree aangoorraa ka'un isaanii adeemsa filannoorratti amantee qaban jalaa hanqise. Bulchitoonni Jubaa Laandiifi Puunt Laand maagaalaa Dusumaareb walgahii taasifameerratti hirmaachuu hin feene. Walgahicharratti dhimma filannoon walqabatee waliigaltee jalqabaarra gahame. Fulbaana 17, 2020 dhiibbaa idil-aaddunyaa torbanootaaf tureen booda haala filannoo irratti waliigalteen mallattaa'e. Akkaataa waliigaltee kanaatti naannoolee tokko tokkotti naannoon filannoo lama ni jiraata. Gaaffilee finciltootaan koreewwan filannoo biyyaalessaafi naannoo filannicha hordofan akka hundaa'an murtaa'e. Ta'us, Puunt Laandiifi Jubaa Laand komishinii filannoo mootummaa federaalaan hundaa'e fudhachuu waan didaniif hojiirra ooluu dadhabe. Ajajoonni nageenyaa akka ka'aniifi paarlaamaan akka diigamus gaafatan. Filannoon akka dheeratu dursee kan tilmaame mootummaan federaalaa hanga Sadaasa bara 2020'tti filatamtoonni haaraa bakka buufamanitti aangawootni dhaabbilee mootummaa aangoorra akka turan murtesseera. Wal amanuu dhabuun gaafa hammaataa deemu namoonni siyaasaafi aangawootni olaanoo tikaa gara gosa isaaniitti hirkatuu eegalani. Kunneenis milishoota gosaa, hidhattootaafi ajajoota duraanii waraanaan kan eegaman turani. Hogganoonni paartilee mormituu muraasa qabsoo hidhannoof qophaa'uu eegalani. Meeshaalee waraanaafi konkolaattoota waraanaas kanneen bitan turani. Waggaa darbe loltootaafi poolisoota mormitoota filannoon dheeratuu isaa morman deeggaran gidduu walitti bu'iinsi dhalate. Qondaaltonni poolisii humna addaa Harmaad Turkiitti leenji'e qabu. Mootummaan kana dura mootummaa naannoleerratti dhiibbaa uumuuf poolisii kana fayyadamaa ture. Ajajaan duraanii poolisii Moqadiishoo Saadiq Hasan (Saadiq Joon) Ebla keessa marii paarlaamaan dhimma filannoorratti mari'atuf waamame dhorkuun mootummaa faallaa dhaabbatan.
Eegasii aangoo irraa kaafamanii aangoon waraanaa qabanis irraa mulqame. Ajajaan duraanii poolisii kuni guyyoota muraasa booda milishoota gosa isaanii keessaan eegamaa magaalattii keessa bakka Daayinaal jedhamu kaampii ijaaran. Mootummaan humnoota nageenyaa naanncihatti waan ramadeef muddamni dhalate magaalaa gudditti waliin gaheera. Boodarra garuu tasgabbaa'e. Bitootessa keessa Pirezidant Mohaamad Abdullaahi Farmaajoo aangoo isaanii waggoota lamaaf dheeressuuf yaalii taasisan dhaabuu isaanii ifa godhan. Dubbii ummata biyyattiif taasisaniin filannoon pirezidaantii akka taasifamu waamicha taasisanii carraaqqii ministirri muummee taasisan jajaniiru. Guyyoota itti aananiis hogganoonni siyaasaa Somaaliyaa akkaataa filannoon itti taasifamuurratti waliigalan. Ministirri Muummee Mohaammad Huseen Rooble fi pirezidantoonni naannolee adeemsa filannoo guyyoota 60 keessa eegaluuf waliigaltee mallatteessan. Filannichi yeroo garaa garaatti waan taasifamuuf Adoolessa darbe filannichi bakkeewwan tokko tokkotti eegale. Adeemsi hoggantoonni gosaa miseensota paarlaamaa filataniifi walxaxaa ta'e Sadaasa eegalee adeemsifamaa kan jiru yoo ta'u guyyoota muraasa dura xumuramuu qaba ture. Garuu hanga yoonaa hin xumuramne. Magaalaa guddoo biyyattii Moqaadishoo keessatti Fulbaana keessa hojjattuun tikaa, Ikraan Taahiliil jedhamtu baduusheetiin wal qabate, pirezidaantiichaa fi ministira mummee jidduu wal dhibdeen cime. Waajjirri tikaa Ikraan alshabaabiin ukkaafamte ajjeefamuu yoo ibsu, garichi garuu dhimmicha haaleera. Ministirri Mummee Mahaammad Huseen Rooblee, ittigaafatamaan tikaa haala dhimma achii buutee dhabamuu qondaala tikaa ilaale na hin gammachiisne jechuun hojiirraa dhorkan. Pirezidaanti Mohaammad Abdulahii Mahaammad ammoo ittigaafatamaan tikaa gara hojiitti akka deebi'an ajajan. Hojjattuu tikaa baddeen alattis dhimmi ittigaafatamaa waajjira nageenyaas qondaaltoota siyaasaa kanneen gidduu garaa garummaa bal'ise.
Hojjattuu tikaa baddeen alattis dhimmi ittigaafatamaa waajjira nageenyaas qondaaltoota siyaasaa kanneen gidduu garaa garummaa bal'ise. Waldhabdeen hoggantoota lamaan jidduutti uumame humnootii nageenyaa lamatti qoode. Anga'oonni lamaan Onkolooleessa irratti waldhabdee filannoo biyyattii ni gufachiisa jedhame dhaabuuf waliigalan. Dhimmi hojjattuu waajjira tikaa baddee mana murteef akka dhiifamu waliigalan. Pirezidaantiin Somaaliyaa Mohaammad Abdulahii Mohaammad Faramaajoo ministira muummee biyyattii Mohaammad Huseen Roblee aangoorraa dhorku beeksiisan. Ministirri Mummichaa aangorraa dhorkamuuf sababin kenname ammoo aangoo seeraan ala fayyadamu fi lafa motummaa saamuu kan jedhuudha. Akkasumas pirezidaantiichi MM lafa qabeenyaa raayyaa Ittisa biyyaaleessaa Somaaliyaa ta'e fudhachuufi ministeerri Ittasaa biyyattii qorannoo gaggeessuu keessa galaniiru jechuun himatan. Pirezidaanti Farmaajoon ministira mummeetiin alattis ajajaa humna galaanaa biyyattii kan ta'an Jeenaraal Abdiiyaamiid Mohaammad Diiriiris aangoorraa kaasaniiru. Kanas ta'ee Ministirri mummichaa himannaa irratti dhiyaate kuffisuun pirezidaantichi fonqolcha motummaa taasisuuf yaalan jechuu kan himatan yoo ta'u, aangoosaanitiin akka itti fufan dubbatan. Isa bira darbuunis humnoonni nageenyaa biyyattii ajaja fudhachuu kan qaban pirezidantii Farmaajoo irraa osoo hintaane isaan irraa akka ta'e akeekkachiisan. Waldhabdeen dhiheenyaa kunis biyyattiitti tasgabbii dhabiinsi ni uuma jedhamee yaaddoo uumeera. Imbaasiin Ameerikaa Somaaliyaatti argamus hoggantoonni, ''akka gochaa waldhabdee uumuurra of qusatanii fi tarkaanfii humnaa akka dhaabaniif'' hubachiiseera. Biyyattiin namoota siyaasaa kallattii adda addaatiin hiriiraniifi gosaawwan jidduutti qormaata keessatti kan argamtu yoo ta'u, garee al-shabaabi kan al-qaa'idaa waliin walitti dhufeenya qabu waliin wal waraanaas jirti.
Ashraf Ghani: Pirezidaantiin duraanii Afgaanistaan taatee yeroo itti Taaliibaaniin baqatanii akkasiin ibsan Pirezidaantiin Afgaan duraanii bara darbe wayita Taalibaan magaalaa guddittii biyyattii qabachuu gahaniitti biyyaa baqachuun isaanii murtee sirriidha jechuun, innis Kaabuul akka hinbarbadoofne ittisuufan jechuun himan. Taalibaan Hagayya darbee keessa erga magaalaa guddoo biyyattii Kaabuul to'ateen booda aangoo qabate. Ashraf Ghaani gaafa Hagayya 15 yoo lafaa ka'an, guyyichi Afgaanistaan keessatti guyyaa dhumaa isaanii ta'uu isaa ''homaatuu yaadaa'' hin qaban ture. Akka deemaa jiran kan hubatanis wayita xiyyaarri Kaabuul gadhiisee bahu ta'uu Sagantaa BBC Radio 4tti himan. Yeroo sanatti biyya dhiisee baqachuutti baayyee balaaleffataman, akkaan qeeqaman. Ammaan tanas Yunaayitid Araab Imireetis keessa jiru. Aab Ghani duraan loltoonni Taaliibaan Kaabuul akka hin seenee waliigalanii akka turan kaasu. ''Garuu ammoo sa'aatii lamaan booda, kan ta'e sana hinturre.'' ''Gareewwan Taalibaan lamatu kallattiiwwan lamaan cufaa ture'' jechuun ibsuu. ''Walitti bu'insii isaan jidduutti cimunsaa ammoo magaalattii namoonni miliyoona shanii keessa jiraatan barbadeessuun badiinsii inni ummatarraan gahu olaanaa ture.'' Gorsaan nageenya biyyaaleessaa fi haatii warraa isaa Kaabulii akka bahaniif waliigaluun, gara ministeera raayyaa Ittisaatti akka isa geessaniin konkolaataa eeggataa ture. Konkolaatichi gonkumaa hindhufne. Bakka isaa hogganaan nageenya pirezidaantii ''sodaadhaan raafamaa jiru'' dhufuun Aab Ghaniin ejjannoo yoo fudhate ''hundiisaanituu ajjeeffamuu'' akka ta'e itti hime. ''Innis daqiiqaa lamaan ol naaf hin kennine'' jedhu. ''Ajajni naaf kennamees akkan magaalaa Kaabuli keessaa bahudha. Innis eekeeraan kufeera, Jalalabadis akkasuma naan jedhe.
"Eessa akka deemnu hinbarre. Erga xiyyaarrii ka'een boodan akka Afgaanii bahaa jirru ifa naaf ta'e. Kanaafu akkasii sardamaan kan ta'e ture.'' Aab Ghani erga biyyaa bahaniin booda ittaanaa pirezidaantii isaa Amrullah Saaleh kan ''qaaniidha'' jedhee dabalatee qeeqamaa turan. Akkasumas himannaan Aab Ghani maallaqa olaanaa fudhatanii biyyaa bahan jedhus ka'ee ture. Kanas inni garuu cimsee haaluun, akka qorannoon idil-addunyaa gaggeeffamuun maqaan isaa qulqullaa'uuf gaafatan. ''Ifatti ibsu kana barbaadu, maallaqa kamiyyuu biyya keessaa fudhhadhee hin baane,'' jechuun, itti dabaluunis ''haalli jireenya kiyyaa hundattuu beekamaadha. Maallaqichaan maaliin ittiin hojjadhaa?'' jedhan. Aab Ghaniin ''hobsi hawaasa addunyaa ni ture jechuun yaaduu dabalatee'' dongongorri raawwatamu ni amanu. Haata'u malee ammoo, waliigaltee Taaliibaaniifi Ameerikaa jidduutti pirezidaantii duraanii Ameerikaa Doonaald Tiraampi jalattii taasifamee eeruun, isatu taatee Hagayyaa 15f qaqabsiisee jedhan. ''Adeemsa nagaa gaggeessu dhiisuun nuti adeemsa dhiisanii bahuuti kan raawwannee'' jedhu Aab Ghani. Haalli waliigaltichi itti raawwatameetu hunda keenya ''nu haxaa'ee'' jedhan. Waliigaltee raawwatame jalattis, US waraanashee fi kan michoota shee hir'isuu kan waliigalte yoo ta'u, erga gareen milishootaa motummaa waliin mari'achuuf walii galaniin booda ammoo hidhamtoota walii jijjiruuf ture. Mariichi hojjachu hin dandeenyee ture. Bona 2021tti pirezidaantiin US joo Baayidan ammoo loltoota isaa Fulbaana 11tti baasuuf waadaa galan. Kanaan walqabatees Taalibaanoon Afgaan guutuu weeraruun magaaloota adda adda qabachu eegalan. Dhumarrattis Aab Ghani akka jedhaniitti ''fonqolchi humnaa kan waliigaltee siyaasaa hin qabne ykn adeemsa siyaasaa kan ummanni keessatti hin himaatiin raawwatame.''
Dhumarrattis Aab Ghani akka jedhaniitti ''fonqolchi humnaa kan waliigaltee siyaasaa hin qabne ykn adeemsa siyaasaa kan ummanni keessatti hin himaatiin raawwatame.'' Guyaadhuma walfakkaataa Taaliibaan itti to'ateettis Aab Ghaniin Kaabuli gadhiisuun bahan. Erga yeroo sanaatii kaasees, biyyattii rakkoolee namoomaafi rakkoo diinagdee kan deeggarsa idil-addunyaa ka'usaattiin hammatee keessa darbaa jirti. Erga baatiiwwan sadan darbaniitii as, Aab Ghaniin dhimmoota muraasaa Kufaatii Kaabuliitti geessanii ilaalchisuun himannaawwan ka'an nan fudhadha jedha. Fakkeenyaaf amantaa walitti dhufeenya idil-addunyaa waliin qabnu fa'i irratti jedhu. Haata'u malees, ''Hojiin jireenya kiyya guutuu barbadaa'eera. Dudhaawwan kiyyas diigamaniiru. Kanaafuu dogongoraan yakka raawwadheera,'' jedhan.
Fonqolcha Sudaan: Humnootiin nageenyaa Sudaan tarkaanfii humnaa hiriirtotarratti fudhataniin himataman Humnootiin nageenyaa Sudaan namoota mormii fonqolcha motummaa waraanaan gaggeeffameef magaalaa guddiittii biyyattii Kaartuum keessatti bahan irratti tarkaanfii humnaan olii fudhachuun himataman. Gamtaan Hakiimootaa kan sochii mormichaa deeggaru akka jedhetti, hiriira guyyaa Sanbataa gaggeeffameeratti namoota 178 irra miidhaan qaqabeera. Kanaafis humnootiin nageenyaa rasaasaatti fayyadamuu isaaniitii jechuun baleelleefatan. Gama biraatiin ammoo aanga'oonni Sudaan qondaaltoonni poolisii 58 ta'an tibba hiriira mormii kanaatti miidhaan irra gahuu gabaasan. Kana malees namoonni 100 ol ta'an magaalaa guddittii keessatti to'annnaa jala oolfamusaanii himan. Hiriirtoonni leelliftoota dimokraasii hiriira guyyaa Sanbataa gaggeessan irratti namoonni kumaatamaan lakkaa'aman kan hirmaatan yoo ta'u, torbaniitti yeroo lammataatiif alaabaa mirmiirsuufi dhaadannoo mormii waraanaa dhageessiisaa naannawa masaraa pirezidaantiitti hiriira gaggeessan. Namoonni hiriiraaf bahanis humnootii nageenyaa hedduufi gaazii imiimaanneessaa namoota bittiinsuuf biifameetu isaan mudate. Akkasumas Magaalaa buufata Sudaan bakka itti namoonni reebamuufi hidhamuun gabaafameetti dabalate, magaaloota kaan biraa keessattis hiriirri mormiin gaggeeffameera. Roogeeyyoonnis guyyaa Sabnata kaleessaa kan baatii lammaaffaa erga janaraalichi fonqolcha gaggeessuu itti lamseetti mormii daandiirraa walitti fufaa karoorsaniiru. Torbaan darbe keessa namoonni kumaatamaan bahuun fonqolcha waraanaan Onkolooleessa 25 gaggeeffameen booda, hiriiraaf bahan Kaartuum guutuutti bulchiinsa siviilii bakkatti akka deebii'uu gaafataa turan. Waliitti buu'iinsa poolisii fi mormiitoota jidduutti torban darbe ummameen namoonni 100 ol miidhamaniiru.
Waliitti buu'iinsa poolisii fi mormiitoota jidduutti torban darbe ummameen namoonni 100 ol miidhamaniiru. Akkasumsa humnootiin nageenyaa dubartootaafi shamarran mormii bahan hedduurratti irratti miidhaa saalaa raawwataniiru jedhamuun himataman. Hogganaan fonqolchaa Janaraal Abdal Fattaa al- Burhaan garuu waraanni tarkaanfii foqolchaa kan fudhate wal waraansii biyyattii keessatti akka hin umamnee oolchuuf jechadha jechuun gochaa raawwatan gaarii ta'u himu. Bulchiinsa motummaa ce'umsa siiviil akka jiraatu gochuuf mortoo qabaachuu himuun, filannoo Adooleessaa 2023 akka gaggeessuuf karooran himu. Haata'u malee motummaan siviilii haaraan aangoo waraanaa jala waan jiruuf aangoo attamii akka qabaachu danda'u ifa miti. Akkasumas Janraalichi mormiin gaggeeffamaa jiru kunis ce'umsa dimokraasii nagaatti danqaa ta'a jechuun akeekkachiisaniiru. Rogeeyyiin dimokiraasii leellisan warraaqsi bulchiinsa hogganaa biyyattii bara dheeraaf hogganana Omaar al Bashiiriin bara 2019tti aangoorraa buusee waraanaan hatameera jechuun himatu. Odeessaalee dabalataa:
Kaappitol Hiil: Manni US gaaffii Tiraampi ragaan isaa akka hin ilaalamne gaafate kuffiise Manni Murtii Ol iyyannoo yaada pireezidantiin duraanii US Doonaald Tiraamp qorattootni hokkara Kaappitol Hiil akka ragaa isaa Waayit Haawus hin arganneef dhorkuu qaba jedhee gaafate kuffise. Tiraamp qunnamtii inni kana dura raawwachaa ture kabajaa ol aanaan eegamuu qaba jechuun morme. Akka seeraatti ragaan pireezidantotaa icciitiin eegamuu qaba. Haatahu malee pireezidaant Joo Baayidan aangoo isaanii fayyadamuun ragaaleen kunneen akka ilaalamaniif gaafatan. Abbootiin seeraas Tiraamp hookkara Amajji 6 ka'e sana dursee beekuu isaa adda baasuuf ragaalee kanneen qorachuu barbaadu. Deeggartootni Tiraamp gaafa Joo Baayidan filannoo pireezidantummaa mo'achuu isaaniif Kongiransiin waraqaa ragaa kennuuf jedhu gamoo Kongiransii US, Kaappitool Hiil weeraran. Tiraampi filannicha irratti mo'amuusaanii hin fudhanne. Ragaa malee sagaleen najalaa waliin dhahameera jedhan. Tiraampi murtee Kamisa darbe irratti ammas ol iyyannoo fudhachuuf jedha. Sanaa booda gara Mana Murtii Ol aanaatti darba. Abbootiin seeraa sadii Mana Murtee Ol Iyyannoo US, Dhaddacha Naanna'aa Bulchiinsa Kolombiyaa irraa pireezidantiin duraanii kun akka murteen Baayidan hojiirra hin oolleef kan gargaaru ''waan qabatamaaa'' nuuf dhiyeesse hin qabu jedhan. Qaamoleen mootummaa lameen ragaalee kanneen argachuuf seerri adda tahe jiraachuu akka qabu irratti waliigalaniiru jedhan. Kunis haleellaa Kaappitool waliin kallattiin kan wal qabatan irratti tahuu himan. Gaaffichi kan dhiyaate koree Mana Maree irraa hundaa'aniin yoo tahu, irra caalaan isaanii paartii Joo Baayiden Dimokiraatota irraati. Koreen kun ammoo ragaalee haasaa bilbilaa, fi ragaalee biroo Waayit Haawus keessaa haleellaan Kongirensii irratti akka taasifamuuf akeekan qorachuu barbaadu. Ogeessi seeraa Tiraampi kana dura himata ol iyyannoo mana murtiif dhiyeessan irratti maamilli isaanii '' mirga heeraan kennameef dhabuu fi mirga nama pirezidaantummaa mo'ate waliin wal dhabdee jiru irratti dubbachuuf qaban dhorkamuun miidhaa irraa fayyuu hin dandeenyeef saaxilamaniiru,'' jedhan.
Ogeessi seeraa Tiraampi kana dura himata ol iyyannoo mana murtiif dhiyeessan irratti maamilli isaanii '' mirga heeraan kennameef dhabuu fi mirga nama pirezidaantummaa mo'ate waliin wal dhabdee jiru irratti dubbachuuf qaban dhorkamuun miidhaa irraa fayyuu hin dandeenyeef saaxilamaniiru,'' jedhan. Hookkara Kaappitol Hiil hordofee Tiraampi mana maree gad aanaanun aangoo irraa akka fonqolchame. Haa tahu malee mana maree ol aanaa miseensa Rippaabilikaanotaan guuteen bilisa bahan. Hookkarichaan namootni 670 tahan to'annoo jala oolaniiru.
Waraana Tigraay: Ittigaafatamaan bulchiinsa yeroo Tigraay duraanii waa'ee naannichaa yeroo sanaa maal jedhu? Waraanni naannoo Tigraayitti Sadaasa 4, 2020 mootummaa federaalaafi hidhattoota Tigraay jidduutti eegalamuu hordofee, erga mootummaan naannoo Tigraay aangoorraa kaafameen booda, naannichi bulchiinsa yerootiin akka bulfamu taasifamuun ni yaadatama. Haata'u malee mootummaan federaalaa Waxabajjii keessa dhukaasa dhaabuu gam-tokkee labsuun Maqaleedhaa erga baheen booda, miseensoonni bulchiinsa yeroo Tigraayis gara Finfinnee imalan. Itti gaafatamaa Waajjira Bulchiinsa Yeroo Tigraay kan turaniifi wayita ammaatti Itoophiyaan alatti kan argaman Obbo Gabramasqal Kaasaa BBC Tigrinyaa waliin, haala yeroo isaan aangoorra turaniifi kaan ilaalchisuun gaaffiifi deebii taasisan haala kanaan isinii dhiyeessina. Obbo Gabramasqal Kaasaa wayita baatiiwwan sadeettiif Ittigaafatamaa waajjira bulchiinsa yeroo naannoo Tigraay ta'uun naannicha keessa hojjataa turanitti ''taateewwan sarbama namoomaa hubataniifi mootummaa federaalaa ammoo kana dhaabsiisuuf fedhii akka hinqabne ergan hubadheen boodan kana mormuuf jechan biyyaa bahe,'' jechuun maaliif akka baqatan himu. Haata'u malee duraan bulchiinsa yeroo mootummaa federaalaatiin hundeeffame waliin hojjataa turuun, amma komii akkasii kaasuun hangam fudhatamaadha? jedhamuun gaaffii dhiyaatef akkasiin deebisan. ''Duraan Paartii Badhaadhiinaa waliin ta'uun faayidaa ummata Tigraay nan kabachiisa jedhee yaadeen ture. Garuu ergan gara naannichaatti imaleen booda yakkoota hedduu ummaticharratti raawwataman ijaan argeera. Yakkoonni kunneen akka dhaabbataniif yaalii garagaraa ergan taasiseen booda kana gochuuf fedhiin akka hinjirre waanan hubadheefan kana mormuun biyyaa baqadhe,'' jedhan. Obbo Gabramasqal keessattuu yakkoonni qaamoolee biyya biraa kan jedhuun, loltoota Eertiraatiin ummata Tigraay irratti raawwatame cimaa ta'uu kaasu.
''Kana yoon jedhuus ummanni Eertiraa ummata obbolaa ta'anilleen, motummaan Eertiraafi waraanni isaa garuu yakka qindaa'aa ummata Tigraay irratti raawwataniiru. Waraanni Eertiraa kunis haala kamiinuu Tigraay akka seenuuf mootummaa Itoophiyaatiin hayyamamuu hin qabu ture,'' jedhan Waraanni Tigraay erga eegaleen booda qondaaltoota motummaa naannicha dursa seenan keessaa tokko ta'uu kan himan Obbo Gabramasqal, hanga dhuma naannichaa itti bahaniittis yakkoonni hedduu raawwataman ijaan arguu fi himannaawwan kanneeniifis ragaa qabaachuu himu. ALI Waxabajjii 21, 2013tti wayita motummaan federaalaa dhukkaasa dhaabuu gam-tokkee labsuun Maqaleedhaa bahuu labseetti, bulchiinsi yeroo naannichaa duraan dursee odeeffannoo omaa akka hinqabne kaasu. Guyyaadhuma dhukaasa dhaabuun gam-tokkoo mootummaa federaalaatiin itti labfame sana gara sa'aatii 10 irratti eegdoota dhuunfaasaanii fi poolisii federaalaa fi riippablikaan gaardii waliin Maqalee akka bahan yaadatu. Obbo Gabramasqal kana haa jedhan malee guyyaa dhukaasni dhaabuun gam-tokkoo itti labsame sana dursaan gaaffii dhukkaasa dhaabuu kan gaafatee ture waajjirasaanii ta'uu baafamee ture. Obbo Gabramasqal mootummaan federaalaa tarii qaamoolee naannicha keessatti ummata Tigraay irratti miidhaa raawwataa jiran ittigaafatamoo akka taasisu gaafachuufi waanuma ta'us hubachuuf akkasumas eegdoonni isaanii bahaa waan jedhaniif guyyaa sana gara Finfinneetti imaluu dubbatu. Yeroo sanattis miseensoonni kaabinee fi ooggansa olaanaa naannichaa sagal dabalatee aanga'oonni aanaaleefi godinaalee gara 300 ta'anis baqachuun gara Finfinnee galuu himu. ''Booda garuu walgahiiwwan cufaa gaggeeffamaniin motummaan federaalaa kan mo'atame sababii bulchiinsa yeroo naannichaatiin jedhamuun waliigalame. Nuti ammoo lakkii nuti waa'ee bulchiinsa siivilii malee, mo'atamuu motummaatiif kan itti gaafatamu qabu ittigaafatamtoota raayyaa ittisaatii jennee mormine.
''Achumaanis kanneen bulchiinsa yeroo naannichaa turaniif mindaa baatii jahaa kennuun, bittinaa'aa isin hinbarbaadnu jedhan. Miseensoota paartii Badhaadhinaa amanamoodha jedhaman 16 qofas hoteela keessa teessisuun hanga ammaatti mindaan kanfalamaafii jira,'' jedhan. Yaada Obbo Gabramasqal kaasan kana BBCn addatti qaama walaba ta'e irraa hinmirkanneeffanne. Gama motummaa federaalaatiin 'miseensoonni bulchiinsa yeroo TPLF'f basaasaa ture', gama TPLFn ammoo 'ergamtoota motummaa federaalaa' turan jechuu komii irratti ka'uu ilaalchisuun BBC'n gaaffiin dhiyaateefii ture. Obbo Gabramasqal ammoo miseensoota bulchiinsa yeroo Tigraay muraasaan alatti irra caalli isaanii komii gama lamaaniitiinu irratti dhiyaatuu akka hin turre waakkatu. ''Nuti xiyyeeffannaan hojii keenyaa ummata Tigraay baraaruu ture. Dhugaadha jidduu keenya kanneen mootummaa federaalaatiif ergaman muraasni turan. Garaagarummaan nuufi motummaa federaalaa jidduu tures ifaadha,'' jechun himannaa irratti ka'u waakkattan. Haata'u malee Obbo Gabramasqal bulchiinsi yeroo Tigraay ummata Tigraayiin fudhatama omaatu akka hin arganne hidhoksine. ''Nutis ummanni nu hin simanne jechuun Mana Maree Federeeshiniitti beeksiifnee turre. Kanaafuu mee carraan ummatichaaf haa kennamu. Mariin nagaa haa gaggeeffamu jechuun irra deddeebiin ministira mummee osoo hin hanfe gaaffannee turre,'' jedhan. Obbo Gabramasqal akka jedhanitti, miseensoota bulchinsa yeroo naannichaa osoo ummanni beelaaf saaxilamaa jiru midhaan gargaarsaaa gurguraa turan ittigaafatamummaa irraa kaasuun akka to'ataman taasifaman jiraachuu himu. Haata'u malee ''jarreen kunneen guyyaa walakkaa keessatti akka hiikaman taasifaman. Siriiyyuu hojiin biraa kennamuufiin gara Maqaleetti deebifaman,'' jedhan. Tibba sanatti qaamooleen midhaan gargaarsaa gurguran, kanneen eeruu kennuun namoota nagaa ajjeesisan, akkasumas kanneen qabeenyaa ummataa saamaniifi gurguran jiraachuu dubbatu Obbo Gabramasqal.
Fakkeenyaafis, wayita ittigaafatamaa Waajjira bulchiinsa yeroo naannichaa turaniitti, ''miseensi bulchiinsa yeroo Naannoo Tigraay keessaa tokko Godina Baha Tigraay irraa kallattiidhaan birrii miiiyoona jaha akkaawuntii isaatti galii taasisuu isaatti to'annoo jala akka oolu taasifnee turre. Hanga Waxabajjii 21 Maqaleedhaa itti baaneettis to'annoo jala ture,'' jechuun kaasu Obbo Gabramasqal. Namoonni wayita bulchiinsicha keessatti mudaman birrii 50-100 qofaa akkaawuntiisaanii irraa qaban, baatii muraasaan booda miiliyoonni 6 -7 akkaawuntii isaaniirratti argamu Baankii Daldalaa Itoophiyaa irraa mirkanneeffachuu akka ragaatti kaasu. Kana malees ajjeechaa jumlaa dargaggoota irratti Muddee 19 Aksuumitti raawwatame jedhameen reeffa dargaggootaa ijaan arguufi dhimmicharrattis jaarsooliifi ittiigaafatamtoota waraana Eertiraa waliin marii gaggeessuu himu Obbo Gabramasqal. ''Reeffa dhibbaan lakkaa'amu osoo hin awwaalamiin argeera. Haata'u malee warraanni Eertiraa 'ofiin wal ajjeessan malee nuti hin ajjeefne' nuun jechuun haalan. Ummatarraa garuu mirkanneeffanne. Booda Muddee 21 fi 22 raayyaa Itoophiyaafi poolisii federaalaa waliin ta'uun reeffa kaasuun akka awwaalaman taasifneerra,'' jedhu Obbo Gabramasqal Kaasaa. Aksuumitti namoonni nagaa hedduun loltoota Eertiraatiin ajjeeffamu himu. Haata'u malee Mootummaan Eertiraa himannaa ajjeechaa kana irra deddebiin ni waakkata. Ajjeechaan Aksuum kunis Komishinii mirga namoommaa Itoophiyaa dabalatee dhaabbileen mirga namoomaaf falman kan idil-addunyaatiin himamuunsaa ni yadatama. Kana malees miseensoonni bulchiinsa yeroo naannichaa gara 50 ta'an yeroo garaa garaatti ajjeeffamuu kaasuun, ''jarreen kunneenis maalii fi eenyuun akka ajjeeffaman ni beekna turre.
Kunis waan qoratamuu qabudha,'' jedhu Obbo Gabramasqal. ''Ibsi ajjeechaa miseensoota bulchiinsa yeroo ilaalchisuun maqaa bulchiinsa yeroo naannichaatiin Finfinnee irraa kennamaa ture malee nuti guutummaan irratti waliin hingalle ture,'' jedhu. Hambaalee seenaa naannichaa badiinsi irra qaqqabe keessaa muuziiyeemiin mootii Atsee Yohaanniisiifi Siidaan Wareegamtoota Tigraay akka argaman himu Obbo Gabramasqal. Akka seera idil-addunyaa loltoonni hambaalee seenaa keessa buufachuun waan hin hayyamamneef jecha looltoonni Itoophiyaa bakkeewwan sanii gadhiisuun akka bahaniif gaafatanillee gaaffiin isaanii fudhatama dhabuu dubbatu. ''Bakkeewwan kanneen lafa tarsimoowaa waan ta'aniif yoo achii gadhiifamee bahame, humnootiin TPLF salphaatti deebi'anii Maqalee to'achuu danda'u jechuun koomaandoowwan gara 700-800 ta'an keessa turan. Kaanis kompitaroota gara 100 ta'an dabalatee eddoowwan lamaan kanaa hambaalee seenaa ture barbadaa'eera. Kanas ija keenyaan agarreerra,'' jedhan. Waraannii Sadaasa 4, 2020 eegale yeroo ammaa gara naannoolee ollaa Amaaraafi Affaariitti babal'ateera. Kun attamiin furamuu mala jedhanii akka yaadan kan gaafataman Obbo Gabramasqal, ''Tigraay jalatti kan bulan aanaalee 75tu ture. Bulchiinsi yeroo ammoo aanaa tokko keessattillee fudhatama hin arganne ture. Siriiyyuu ummanni baay'inaan lolatti makamuuf gara gammoojjii bu'a ture. Kun ammoo haalicha nagaan furuu irratti balaa qabaata,'' jedhu. Kana malees badiinsi qabeenyaa naannichaa kan akka warshaa huccuu Almadaa, Warshaan Albudaa Saabaa, Warshaan Qoricha Addigiraat fi kkf bakka waraanni hinjirreetti barbadaa'uu fi saamamuu isaanii dhimma biraa ummata naannichaa aarse akka ta'e dubbatu Obbo Gabramasqal. ''Saamichiifi badiinsi dhaabbilee kanneen irratti kan raawwatame erga TPLF guutummaan barbadaa'eera, kan nu dhaabu hinjiru jechuun yaadanii booda bakka lolli hin jirretti.
''Saamichiifi badiinsi dhaabbilee kanneen irratti kan raawwatame erga TPLF guutummaan barbadaa'eera, kan nu dhaabu hinjiru jechuun yaadanii booda bakka lolli hin jirretti. Mana manarra deemuun ajjeechaan kan raawwatames bakka lolli hin turretti. Kanaaf mufaatii ummataa kana tasgabbeessuuf jecha lakkii mariin haa gaggeeffamu jennee gaaffannee turre. Garuu fudhatama hin arganne,'' jedhu. Ta'us ammalleen ''hin galgaloofne'' kan jedhan Obbo Gabramasqal, dhaabbileen idil-addunyaa fi lammiileen Itoophiyaa dhimmisaa isaan ilaallatu akkasumas humnootiin biyyattii keessatti argaman hundi gara mariitti deebi'uun furmaata akka barbaadaniif waamicha taasisaniiru Obbo Gabramasqal. Waraanni waggaa tokkoon dura naannoo Tigraayitti eegalame amma naannoolee ollaa Amaaraafi Affaar keessatti babal'achuun, namoonni miiliyoonaan lakkaa'aman bakka jireenya isaanii akka buqqa'aniifi kanneen kumaatamaan lakkaa'aman ammoo lubbuusaanii ittiin dhabaniiru. Kana malees lammiileen miiliyoonaan lakkaa'aman Tigraay, Amaaraafi Affaar keessatti eeggattoota deeggarsa namoomaa akka ta'aniif saaxileera. Waraanni kun dhaabbachuun karaa mariitiin akka furamuuf biyyoonniifi dhaabbileen idil-addunyaa irra deddeebiin waamicha taasisaa turan. Dhiheenya kanas ergamaan Addaa Gamtaa Afriikaa fi pirezidaantiin duraanii Naayijeeriyaa Oluseeguun Obaasaanjoo waldhabdee kana jaarsuummaan furuuf haaluma ergama gamtichaan itti kennameetiin, MM Itoophiyaa Abiy Ahimad dabalatee aanga'oota naannoolee akkasumas hogganaa TPLF Dabratsiyoon Gabramikaa'el (Dr) waliin marii taasisuun isaanii ni yaadatama.
Daangaa Itiyoo - Sudaan: Itoophiyaan finciltoota Tigraay Sudaanii ce'an malee loltoota Sudaan hin haleelle jette Mootummaan Itoophiyaa daangaa biyyattii Sudaan waliin daangessu irratti finciltoota Tigraay lo'anii seenan rukute malee loltoota Sudaan irratti haleellaa hin banne jechuun hime. Waraanni Sudaan ibsa gaafa Sambata darbe baaseen ture waraanni Itoophiyaa fi milishaan waliin ta'un daangaa irratti loltoota kiyya irratti haleellaa raawwatanii miidhaa geessisani jechuun ibseera. Dhimma kana irratti deebii kan kennan Ministirri Di'eetaan Ministeera Tajaajila Kominikeeshinii Mootummaa Aadde Salaamaawwit Kaasaa gama Sudaaniin irra deddebbiin finciltoonni Tigraay gara Itoophiyaa seenuuf ni carraaqu jedhan. ''Gidduu kana gareen humna badii kanaa karaa Sudaaniin seenan osoo badii raawwachuuf yaalanii mootummaan qaamolee kana irratti tarkaanfii fudhachuun ni beekama,'' jedhan. ''Loltoota Sudaan irratti haleellaan raawwateera jedhanii miidiyaaleen tokko tokko inni gabaasaniis dogongoradha,'' jechuun himan. Ibsa Itoophiyaa kana booda gama Sudaaniin deebiin kenname hjin jiru. Hariiroon Sudaan waliin qabnu cimaadha kan jette Itoophiyaan rakkoon daangaa biyyoota lamaan gidduu jiru karaa nagaan akka furamu akka feetu ibsiteetti. Sudaan waraana biyyattii irratti haleellaan banamuu ibsituus kanneen lubbuu dhaban lakkoofsaan hin himne ture. Ta'us boodarra miseensonni waraanaa isaa jaha ajjeefamuu Rooyitars madda waraanaa biyyattii eeruun gabaaseera. Ta'us gabaasaaleen kaan kanneen du'an lamadha jedhu. Erga Itoophiyaan finciltota malee loltoota Sudaan hin rukunne jettee wanti ifatti mudate maal akka ta'e qaama walabaarraa mirkaneeffachuun rakkisaa ta'eera. Itaamaazhor Shumiin waraana Itoophiyaa Janaraal Birhaanuu Juulaa miidiyaa buufata isaa US godhate waliin wayita dubbatan Itoophiyaan sababa Sudaan irratti lola bantuuf hin qabdu jedhaniiru. Kana dura Itoophiyaan Sudaan finciltoota Tigraayiif dahoo kennite, hidha Abbayyaa danquuf hojjetti jechuun ni himatti.
Baatii Fulbaana darbes Sudaan waraanni Itoophiyaa daangaa cabsee natti seene jechuun himattee turte. Mootummaan Itoophiyaa garuu himannaa kana hin fudhanne. Waggoota dheeraaf qonnaan bultoonni Itoophiyaa lafa qonnaaf mijatuufi Al - Fashagaa jedhamu qotataa turan. Lafti kun garuu kiyya jechuun Sudaan ni himti. Waggaa tokko dura waraanni Tigraay keessatti yeroo jalqabee ture waraanni Itoophiyaa lafa kana gadhiisuun lolaaf socho'uu hordofeeti waraanni Sudaan bakkicha kan qabate. Hariiroon biyyoota lamaanii keessumaa erga Itoophiyaan Hidha Abbayyaa bishaan guutteefi muddamni daangaa gubbaa dhalatee as hammaateera. Waraanni Sudaan ibsa baasen ''waraanni Itoophiyaafi milishaan Al - Fashaga Al - Sughraatti waraana Sudaan irratti haleellaa banuun ajjeechaan raawwateera,'' jedhe. ''Humnoonni keenya haleellaa kana ofirraa qolataniiru, kanneen haleellaa raawwatan irratti lubbuu namaafi qabeenyarratti miidhaa geessisneerra,'' jechuu isaa Rooyitars gabaaseera. Kanaan ala garuu lakkoofsi humna waraanaa ajjeefaman meeqa akka tahan wanta ibse hin qabu. Waraana Sudaan keessaa madda eeruun kan gabaase Rooyitars, haleellaa waraana Itoophiyaan waraanni Sudaan jaha gaafa Sambataa ajjeefamuu ibse. Miidiyaan Tarkii Anadolu immoo maddeen eeruun akka gabaasetti waraanni Sudaan ajjeefaman lamadha. Kan madaa'anis akka jiran gabaase. Dabalataanis, maddi kun Sudaan Tiribiyuun waabeffate akka gabaasetti Itoophiyaan midhaan qonnaan bultoonni Naannoo Amaaraa facaasan akka sassaaban tumsuuf, akkasumas finciltoota Tigraay danquufi tarkaanfi fudhatte. Itoophiyaafi Sudaan haleellaa raawwachuun yeroo garaagaraatti wal himachaa turaniiru. Keessumaa Itoophiyaan waraanni Sudaan biyya Itoophiyaa waliin dhimma Abbayyaa irratti waldhabdee qabdu Masrii waliin maxxaneera jechuun himatti. Waraanni biyyattii kana hin fudhatu. Guyyaa Sambataa miidiyaa ESAT TV'tti kan dubbatan Itaamaazhor Shumiin Waraana Itoophiyaa Janaraal Birhaanuu Juulaa taatee Sudaan keessaa hin mirkaneessine.
Itoophiyaan rakkoon waldhibdee daangaa karaa nagaa akka furamu akka fedhii qabdu kan himan Janaraal Birhaanuun, waraanni isaanii fedhii lola Sudaan akka hin qabne himaniiru. Ta'us, finciltoota Tigraayiif Sudaan dawoo kennite jechuun himataniiru. Kana dura waraanni Itoophiyaa gama Lixa biyyattii Hidhi Haaromsa Abbayyaa jiruun finciltoota Tigraay gama Sudaan irraan dhufanirratti haleellaa raawwachuu himaa tureera. Al-fashagaa bakka jedhamu qonnaaf mijataa ta'erratti qonnaan-bultoonni Itoophiyaa qabatanii kan turan yoo ta'u, Sudaan garuu gaaffii 'lafti kun kan kooti' jedhu kaasaa turteetti. Naannawaa sana keessatti yeroo gara garaa qonnaan-bultootarratti haleellaan gaggeeffamaa waan tureef Itoophiyaan humna raayyaa hanga tokko bobbaastee eegumsa taasisaa turte. Bara darbe ALI 2013 dhuma ji'a Onkoloolessaa wayita lolli Tigraay keessatti jalqabetti Itoophiyaan raayyaa ittisaashee ergama birootiif baasuu ishee hordofee, Sudaan loltootashee gara naannoo sanaatti bobbaasuun Itoophiyaanonni akka bahan taasisuun lafa sana to'atteetti. Aanga'oonni olaanoo Sudaan lafa to'annoo Itoophiyaa jala ture harka caalaa deebifachuu isaaniifi isa hafellee akka to'achuuf deeman dhaadataniiru. Itoophiyaan tarkaanfiin kun 'weerara' jechuudhaan ibsitee Sudaan loltootashee bakkawwan qabatte keessaa baasuun, dhimmicha karaa seera-qabeessa ta'e kanaan dura jalqabameen falli nagaa akka barbaadamu gaafachaa turteetti. Sudaan garuu lafni qabatte kan ishii ta'uufi dhiistee akka hin baane ibsaa jirti. Biyyoonni ollaa walii ta'an lamaanuu haala rakkisaa keessa jiru. Lamaanuu Labsii Yeroo Muddamaa jalatti bulaa jiru. Itoophiyaan waraana Kaaba biyyattii Tigraayitti eegaleefi booda keessa gara Affaariifi Amaaraatti ce'e to'achuuf akka haaraatti haleellaa eegalteetti. Haleellaa kana immoo torban kana MM Abiy Ahimad qaamaan dirree waraanaatti argamanii lolchiisaa jiru.
Haleellaa kana immoo torban kana MM Abiy Ahimad qaamaan dirree waraanaatti argamanii lolchiisaa jiru. Namoonni beekamoofi qondaaltonni olaanoo kaanis faana isaanii akka hordofan himaniiru. Tarkaanfiin mootummaa kuni finciltoota Tigraay Naannoo Afaariifi Amaaraa keessaa baasuuf Gaanfa Afrikaatti Jilli Addaa US Jefrii Feltimaan jalqaba torban kana himaniiru. Sababa lola Naannoo Amaaraa keessaan lakkoofsi namoota deeggarsa fedhaniifi qe'eerraa buqqa'anii dabaluu mootummaan Itoophiyaa fi UN ibsaniiru. Lolli dhaabatee mariin akka furamu yaaliin taasifamaa ture mallattoo gaarii agarsiisuus ammatti ija hin godhanne. Haleellaan gama lamaanii jabaate immoo kanaaf danqaa ta'e jedhaniiru kanneen jaarsummaan dalagan. Sudaan kan waggaa lama dura Pirezidantii waggaa 30'f aangorra ture mormii ummataan buqqaasuun mootummaa ce'umsaan bulaa turtemmoo mormiitti deebiteetti. Baatii dura waraanni biyyattii silaa baatii tokko booda aangoo isaa bulchinsoota siviliif dabarsa osoo jedhamuu fonqolcha raawwachuun bulchiinsa sivilii hunda hidhaa buuse ture. Torban darbe garuu MM Abdallaa Hamdook hidhaarraa gadhiisuun aangootti deebiseera. Kanas mootummaan Itoophiyaa akka simatu ibsa baasen beeksiseera. Ta'us, ammallee mormiin hin dhaabbanne. Waraanni biyyattii kanneen mormiif hiriira bahan ajjeesuun himatama.
Waraana Tigraay: Labsii yeroo muddamaatiin dhorkaawwanii fi dirqamawwan kaa'aman maal fa'i? Labsiin yeroo muddamaa Manni Maree Ministirootaa Kibxata 02, 2021 irraa kaasee hojiirra akka ooluuf labse baatiiwwan jahan dhufaniif akka turu himameera. Labsii yeroo muddamaa kanas hojiirra kan oolchuufi hordofu 'qajeelcha izzii labsii yero muddamaa' yoo ta'u, izzichis ajajaa Itaamaajoorii shuumii olaanaa humnoota waraana biyyattiin kan durfamuu fi qaamoolee garaa garaa hammachuun itti waamamni isaa Ministira Mummee biyyattiif ta'a jedhameera. Labsiin yeroo muddamaa 5/2024 kun ''balaa walabummaafi jiraachuufi jiraachu dhabuu biyyatti irratti aggaamame ittisuuf'' jedhame kan bahe yoo ta'u manni maree bakka bu'oota uummataa yeroo dhiyootti akka raggaasisu eeggama. Labsiin kun kan labsamee Waraanni kaaba Itoophiyaatti waggaa tokko dura eegale hammaatee humnoonni finciltoota Tigraay magaalota naannoo Amaaraa Deessee fi Kombolchaa to'achuu isaanii hordofeeti. MM Abiy Ahimad guyyoota muraasa dura lammileen biyyattii martuu dhimma idilee isaanii yeroof tursiisanii meeshaa fi humna qabaniin akka waraanatti duulan waamicha dhiyeessanii turan. Mootummaan naannoo Amaaraas haaluma wal fakkaatuun hojiin idilee naannichaa hundi dhaabbatee waajjiraaleen mootummaa qabeenya qaban dhimma waraanaaf akka oolchan labseera. Bulchiinsi magaalaa Finfinnee ammoo jiraattonni guyyaa lama keessatti meeshaa waraanaa isaanii akka galmeessisanii fi gurmaa'anii akka naannoo isaanii eegan waamicha dhiyeesseera. Qondaalonni finciltoota Tigraay fi kan Waraana Bilisummaa Oromoo loltonni isaanii waliin qaamaan wal qunnamuu fi waliin ta'uun gara Finfinnee akka duulan ibsaniiru. Ameerikaa fi Raashiyaan ammoo lammiileen isaanii gara Itoophiyaa akka hin imalle, kanneen Itoophiyaa keessaajiran bahuuf akka of qobbeessan akeekkachiisaniiru.
Ameerikaa fi Raashiyaan ammoo lammiileen isaanii gara Itoophiyaa akka hin imalle, kanneen Itoophiyaa keessaajiran bahuuf akka of qobbeessan akeekkachiisaniiru. Izziin qajeelfama labsii yeroo muddamaa walabummaafi jiraachuufi jiraachu dhabu biyyattii akkasumas nageenya lammiilee eegsiisuuf barbaachisaadha jedhe yoo amaneetti:
Manneen Amantaa Keeniyaa maaliif namoota siyaasaa waltajjii isaaniirraa dhorkan? Namootni siyaasaa yemmuu konkolaataa qalii fi takka takka kaameeraa waliin sagantaa irratti hirmaachuuf Dilbata gara waldaa dhufan arguun, miseensota waldaa Keeniyaa jiraniif waan baramedha. Abbotiin siyaasaa kun maallaqa gumaachaa – kan gargartoonni isaani korojoon baatanii dhufan – ijaarsa waldaalee amantaa gurguddaa fi meeshalee muuziqaa sagalee guddisanfaa qabatanii dhufu. Gumaacha godhan kanaafi immoo, sagantaa jidduutti, namootni siyaasaa kun waltajjii fudhatu, kanaan ammoo miseensonni waldaa, ergaa isaanii yeroo hedduu dhimma macaafa qulqulluu hin taane dhageeffachuuf dirqamu. ‘Sagantaaleen’ waldaa kun, boodarra TV irratti feedhii uummanni waa'ee kaadhimamtoota filannoo ji’a sagal booda taasisamuuf jiru irratti hirmaatanii baruuf qabuuf guutuuf mul'atu. Gariin isaanii waldaa gageeddaruun naannaa’u, kun ammoo abbootiin siyaasaa kunneen bakka ani qabadhe dhufte jechuun mana amantaa keessatti waldhabdee akka uuman taasiseera. Waldhabdee daangaa kana furuuf akkasumas “dhimma guddina hafuuraa” irratti mar’ichuuf jecha lubootni gara mana jireenya namoota siyaasaa kanatti akka affeeramanis ni himama. Dabalataanis, himannaan mallaqi isaan gumaachan kun kan karaa seeraan alaan argatanidha jedhus jira – garuu kana ni haalu. Amma hoggantoonni waldaalee amantaa bebbeekamoo nu ga’a jedhu. Ergaa 'gowwomsaa fi bu’aa hin qabne’ dabarsuun 'kabaja waldaa xuqaniiru’ himata jedhuun namootni siyaasaa akka waltaajjiitti ol hin baaneef dhorkaniiru. Akkasumas, xiyyeeffannoo miidiyaa akka hin arganneef, waldaaleen gumaachaa maallaqaa namootni siyaasaa hojii waldaaf kennaan ifa hin godhani. “Waldaaleen amantaa namoota siyaasaan to’atamuu isaaniif gar tokko kan itti gaafatamu lubootadha.
Shakala qulqullummaa waldaatti deebisuun barbaachisaadha,” jechuun lubni Waldaa Kaatoolikii Antooni Muheriyaa BBCtti himaniiru. Hogganaan Waldaa Angelikaan Keeniyaa, Lubni Jaakson Olee Saapit, jalqabumayyuu namoota siyaasaaf waldaa keessatti waltajjii kennuun “dogoggoradha” jedhaniiru. “Balleessakoo %100 nan amana. Ta’us garuu balleessa walfakkaata yeroo dheeraaf itti fufuu hin qabnu. Yeroon itti qalbii jijjiirranu ni barbaachisa,” jechuun yeroo dhorkiin kun ji’a darbe labsame dubbataniiru. Murteen kun namoota hedduun simatameera – keessumaa miseensonni waldaa magaalaa gudditti Naayroobii jiran akka gammadan BBCtti himaniiru. “Dhugaa dubbachuun wanta qalbii nama hatu ture. Hanga hoggantoonni waldaa tarkaanfii fudhatanitti eegaan ture,” jetti Yuuni Waweeru. Jaaneet Nizilaani hima kanaan walii galuun: “murtoon kun fudhatamuu isaatti gammadeeraa sababiin isaa namootni siyaasaa namoota ofittoo ta’anidha. "Hamilee namootaa kakaasuuf ykn tokkummaa irratti dubbachuuf miti kan isaan deeman. Ummataaf tasumaa dhimma hin qabani. Paastarootni waldaa keessatti argamuu isaani qofa simachuu irraa kan hafe homaa waan biraa gochuu hin qabani,” jetti. Filooreens Atiyeeno ammoo namootni siyaasaa kabajamuu qabu, akkasumas sagantaa booda miseensota waldaa akka haasofsiisaniif eeyyamamu qabu jetti. “Ani rakkoodha kanan jedhu yeroo isaan duula siyaasaa gaggeessaniifi waldaaa keessatti wal loluu eegalan qofa,” jetti. Ta’us garuu dubartoonni kun hundi miseensota waldaa ivaanjelikaal, kan lubuunni gariin dhoorkii kana hin deeggarreedha. Dhorkiin kun kan dursame waldaa Angelikaan, Kaatoolikii fi Piresbetiyaaniin yoo ta’u, waldaalee raajii fi tajaajila fayyinaan beekamaniin garuu mormiin irra ga’aa jira. Keeniyaan harka caalaatti hordooftota amantaa Kiristaanaadha.
Akka qorannoo bara 2019tti gaggeeffameen, lammilee Keeniyaa uummata miiliyoona 50 keessaa % 85.5 – kan ta’an baay'inaan waldaa ivaanjeelikaali keessatti hirmaatu. Waldaan Kaatoolikiis mana amantaa beekkamtii qabudha. Diinagdeen amantaa, daldala guddaadha – gumaachi nama siyaasaa irraa argamu ammoo qabeenya waldaa baay'ee guddisuu danda’a. Sababa weerara Covid-19 manneen amantaa hedduun hanqina maallaqaan miidhamaniiru, kanaaf lubootni ivaangelikaalii tokko tokko dhorkii waltajjii kana mormuun isaani waan nama ajaa’ibu miti. “Dhorkiin kun hidda ni qabata jedhee hin yaadu sababiin isaa, manneen amantaa faayidaa baarbaadan waan jiraniifi, isaan namoota siyaasaa maallaqa isaaniif gummaachan barbaadu, yeroo tokko tokko ofii isaani affeeruni,” jechuun oggeessi miidiyaa Baraak Mulukaa BBCtti himeera. Barreessaa fi hayyuun, Piitar Kimaanii akka jedhutti manneen amantaa akka bara 1990’nii aangoo hin qabani. “Akka durii humna tokkummaa uumu miti… ivanjelikaalootni hojii maallaqaa hojjatu, namuusa wal tokkummeessu hin qabani,” jechuun BBCtti himeera. Dhoorkiin waltajjii kun waldaaleen beekkamtii qaban aangoo namoota deebisanii qabaachuuf kan yaalaan fakkaata. Kanaan dura hoggantoonni amantaa yeroo dhimma uummataa fi mirga namoomaa irratti dubbatan dhageetti qabu ture- bara 1990’n keessa dimookiraasiin paartilee hedduu of keessatti qabatu akka uumamuuf duulanii turani. Waggotii digdaman darban keessatti garuu ilaalcha falmisiisaa isaan qabaatan irraa kan ka’e dhaggeetiin uummataa hir’iseera. Dhorkiin koronaavaayirasii gariin Waxabajjii keessa manneen amantaa irraa kaafameera – ta’us garuu hiriirri duula na filadhaa akka dhorkametti jira, kana jechuun manneen amantaa namoota siyaasaaf waltajjii ta’an jechuudha. Dhiyeenya hordofaa amantii Kaatoolikii kan ta’e pireezidant Uhuuruu Keeniyaataa, , manneen amantaa lakkoofsa namootaa kessuumsiisaan akka dabalaniif eyyameera, duulli na filadhaa garuu ammayyu dhorkamee jira.
Dhiyeenya hordofaa amantii Kaatoolikii kan ta’e pireezidant Uhuuruu Keeniyaataa, , manneen amantaa lakkoofsa namootaa kessuumsiisaan akka dabalaniif eyyameera, duulli na filadhaa garuu ammayyu dhorkamee jira. Kanaaf dhorkiin waltajjii kun namoota siyaasaa filannoof duula gaggeessaa jiran, kan akka Itti aanaa pireezidantii Wiiliyaan Rutoon, kan pireezdaantummaf dorgomuuf deemuun hin simatamne. “Akka Kiristaanaatti hojii waldaa deeggaruuf dhufna,” jechuun sagantaa waldaa irratti dubbateera. Waldaa kanaaf ammoo shiliingii miiliyoona lama (doolaara 18,000) akka gummaacheeru ni himama. Hoggantoonni manneen amantaa, namootni siyaasaa amantaa kana hordofan sagantaa irraa hin dhorkamne jedha. “Namootni siyaasaa dhufanii kadhachuu danda’u garuu miseensota waldaaf haasaa akka taasisaniif hin eeyyamamuufi,” jechuun Hogganaan Konfiraansii Luboota Kaatoolikii, Feerdinandi Lugoonzoo BBCtti himaniiru. “Gamoon mana amantaa waqeeffanaaf qofa kan qophaa’eedha.”
Godina Wallagga Bahaa magaalaa Harootti haleellaa raawwateen yoo xiqqaate namoonni 15 ajjeefaman Sanbata darbe ALI Fulbaana 30, bara 2014 Godina Wallagga Bahaa aanaa Kiiramuu magaalaa Harootti haleellaa banameen lammiileen nagaa hedduun yoo ajjeefaman, kanneen kumaan lakkaahaman ammoo qe'ee isaaniirraa buqqa'uu jiraattotniifi aanga'oonni himan. Haleellaa magaalaa Harootti qaqqabe kanaan lubbuun namoota 15 darbuu Mootummaan Naannoo Oromiyaa ibseera. Hogganaan Biiroo dhimmoota kominikeeshinii mootummaa naannoo Oromiyaa Obbo Hayiluu Addunyaa BBC'tti akka himanitti haleellaan Harootti mudate gocha ergamtoonni TPLF raawwatanidha jedhu. Jiraattotni BBC'n dubbise gama isaaniin haleellaa kanaan lakkoofsi namoota du'anii kan mootumman ibsameen ol akka ta'u dubbatu. Jiraataan magaalaa Haroo Obbo Firaa'ol Fayyisaa BBC'tti yoo himan yeroo magaalichaa baqatanitti reeffa namoota 29 ija isaanitiin akka arganii lakkaahani himan. Haaleellaan kun hidhattoota naannoo Amaaraa irraa dhufaniin raawwatame jedhu. Faallaa kanaan dhalattootni Amaaraa naannicha jiraatan ammoo hidhattootni 'ABO-Shanee' haleellaa sabummaarratti xiyyeefate raawwachuu sabaa himaan naannoo Amaaraa, Amaaraa Miidiyaa Koorporeeshin, gabaaseera. ''Aanaa Kiiramuu keessatti gareen shorokeessaa ABO-Shanee haleellaa sabummaarratti xiyyeefate raawwateen, Amaara irratti miidhaa geessisaa jira'' jechuun jiraattota naannichaa waabeffachuun gabaase. Jirattotni naannichaa dubbise, ''ALI haleellaa Fulbaana 30 irraa jalqabee itti fufeen namootni nagaa ajjeefamuu, buqqa'uufi qabeenyi isaanii saamamuu himaniiru'' jedha. Jiraataan magaalaa Haroo Obbo Firaa'ol yoo BBC'tti dubbatan haala kamiin haleellichi akka raawwate ibsaniiru. "Sanbata xiqqaa lola hamaatu nurratti baname. Qabeenya kan Oromoo ta'e saamanii makiinaadhaan fe'achaa turan.
Kilaashii fidi jedhu. Lafti kuni hanga bishaan Hangaritti kan keenya jedhu. Mana tokko keessaa nama sagal faa kan ajjeefametu jira. Isa kaan mana itti qollofanii biraa deemani," jedhan. Sodaa qaburraa dursee naannichaa baheen jiraachaa ture kan jedhan jiraataan kun, lolli magaalichatti jalqabnaan haadha warraa isaanii guyyaa tokkoon dura deesse jedhan qabatanii bosona keessa guyyaa lama bulanii miliquu dubbatan. ''Haleellaa kanaan namoota ajjeefaman ammoo karaa miidiyaa isaaniitiin agarsiisuudhaan Oromootu akkana godhe jechuun deebisanii numa maqaa balleessu,'' jedhan jiraataan kun. Namootni balaa achitti ka'e kanaan du'an garri caalaan mana keessatti gajaraadhaan akka ajjeefaman obbo Firaa'ol himaniiru. "Lolli suni kaanaan namni humna qabu jalaa baqate. Baay'inaan maanguddoonnii fi ijoolleen mana keessatti hafani kan gajaraadhaan qalaman. Eessummoonni kiyya akkanatti ajjeefaman. Haalli ajjeechaa ture sukanneessaadha," jedhan. Lola kana baqatanii kan bahan jiraataan biraa Asaffaa Ayyaanaa jedhamanis, haleellaan Harootti gahe sabummaa irratti kan xiyyeeffatee fi Oromoota magaalattii keessaa baasuu kan kaayyeffate fakkaata jechuun dubbatan. "Haallii amma magaalaa Haroo jiru jibbisiisaadha. Oromoon sodaatee amma achii bahaa jira. Hidhattoonni Amaaraa ammoo karaa barbaadan seenanii waan jiru saamanii gara bakka Baagin jedhamtutti deemu," jedhan. Magaalaa Harootti haleellaan saboota lamaan gidduutti dhalate kuni marsaa lammaffaadha kan jedhan jiraataan kuni bara 1989 rakkoon walfakkaataan mudatee turuus yaadatu. Rakkoo nageenyaa naannawa sanitti irra deddeebiin uumamuun daandii guddaan Naqamteedhaa Buree geessu erga cufamee Ji'a shan caaleera jedhu jiraattonni. "Daandiin Naqamtee fi Buree walqunnamsiisu cufaniiru. Agamsarraa Haroo kan walqunnamsiisus cufameera. Asirraa Naqamtee deemuunis rakkisaadha.
Asirraa Naqamtee deemuunis rakkisaadha. Qaama rakkoo kana nuuf furu hin arganne," jedhan obbo Asaffaan. Haleellaa Sanbata darbe Harootti qaqqabe kanaan jiraattonni hedduun gara Kiiramuu, Giddaa fi Naqamteetti magaalattii dhiisanii baqachuu himu jiraattonni. Namootni miilaan baqatanii Kiiramuu qubatanis gargaarsi isaan waan hin qaqqabneef rakkoo keessa jiraachuu BBC'tti himaniiru. Hoogganaan Kominikeeshinii Naannoo Oromiyaa dhiyeenya muudaman obbo Haayiluu Addunyaa rakkoo kana duuba kan jiru ''ergama TPLF'' jedhan. "Rakkoon Harootti gahe rakkoo humni Shanee fi humni finxaalessaa uumaniini. Humni shororkeessaa Shanee naannicha keessa socho'u ergama TPLF irraa fudhate galmaan gahuuf saba lamaan walitti buusuun bu'aa siyaasaa keessa argachuuf sochii taasiseen kan walqabatudha," jedhan. Naaannichatti humni finxaalessaa hidhatee fi Shanee wajjin walsimee ajandaa Oromoo fi Amaara walitti buusuu hojjetu jira jedhan obbo Haayiluun. Haleellaan gahe saba lamaan walitti buusuu kan kaayyefatedha kan jedhan obbo Hayiluun Lubbuun lammiilee nagaa 15 ajjeefamuu fi yeroo ammaa humni nageenyaa bakkicha qaqqabee tasgabbeessaa jiraachuus eeran. ''Naanoo sana jeequun Oromoo fi Amaara walitti buusuuf kan hojjetu Shanee fi humnoota Finxaaleyyiiti malee rakkoon Harootti gahe lola sabaa fi sabaa miti'' jedhan. Daandiin Naqamtee fi Buree walqunnamsiisu yeroo adda addaatti tarkaanfii shororkeessitootaan kan gufatu jira malee daandichi guutumatti hin cufamnes jedhan angaa'an kun.
Ministeerota haqaman, akka haaraatti ijaaramaniifi jijjiirraa kaabinee waggootaa darban keessa Filannoo biyyaaleessaa Itoophiyaa marsaa jahaafaa hordofuun boru A L I Oknolooleessa 4, 2021 mootummaan haaraa ni hundeeffama. Haaluma walfakkatuun waggoota darban keessa yeroo garaa garaatti mootummaa hundeessuun raawwatameera. Wayita bulchinsii haaraan hundeefamuttis jijjiramni hoji-raawwachiiftuu taasifameera. Kanaanis, waajjiraaleen ministeeraa hedduun dachaafamuu, haaraanaas hundeeffamaniiru. Aanga'onnilleen eddoodhaa gara eddootti geeggeedaramaniiru. Fakkeenyaaf, ministiroonni kaabinee MM duraanii Mallas Zenaawii 15 keessaa ALI Onkolooleessa 1994tti 10nan isaanii geedaramaniiru. Yeroo sanatti Ministeera Misooma Bu'uuraa, Ijaara Dandeettiifi Ministeerri Misooma Baadiyaa kan duraan hin turreefi kan akka haaraatti caaseefamaniidha. Ministitiroota yeroo sana bakka isaanii irra turan keessaa Ministira Dhimma Alaa Obbo Siyyuum Masfiniifi Ministira Barnootaa Aaddee Gannat Zawudee (kan dubartii ministiraa qofaa turan) keessatti ni argamu. Aadde Gannat Zawudee abbaan warraasaanii Dr. Kabadda Taadassaa Ministira Fayyaa ta'uun muudamuu isaanii hordofee abbaa warraafi haadha warraa ministiroota ta'an ta'uu danda'aniiru. Abbaa Dulaa Gammadaa Ministira Ittisa Biyyaa yoo ta'an, Obbo Addisuu Laggasaa ammoo Ittaanaa MM fi Ministira Misooma Baadiyaa ta'uun muudaman. Yeroo sanatti Barakat Simoon ammoo Ministira Beeksiisaa turan. Haata'u malee, filannoo A L Ibara 19 97 booda ammoo Onkoloolseessa 03, 1998tti MM Mallas Zeenaawii ministiroota yeroo hedduuf tajaajilanii fi namoota isaaniitti dhiyaatan bakka buusanii ture. Miseensoonni kaabinee duraan 17 tures gara 20tti ol guddifame.
Gannat Zawudee, abbaan warraasaanii Dr Kabbadaa Taaddasaafi Barakat Simoon aangoosaaniirraa kaafaman. Addisuu Laggasaa fi Siyyum Masfin bakkuma turan irratti itti fufan. A L I Fulbaana 24, 2001tti jijjirraan kaabinee gaggeeffameera. Boodarra MM kan ta'an Obbo Hayilamaariyaam Dasaalany sadarkaa ministiratti itti-waamamaa mootummaa ta'an. Siiraaj Fargeessaa ammoo ministira Ittisaa, Obbo Dammaqa Makonniin ammoo ministira Barnootaa ta'uun muudaman. Aadde Mufaariyaat Kamiil ammoo itti-gaafatamtuu Dhimma Dubartootaa ta'an. Yeroo kanatti ture Ministeerri Beeksiisaa kan raadiyoo fi TV Itoophiyaa dabalatee sabaa himaawwan mootummaa olaantummaa hogganu akka diigamu kan ta'e. ADWUI filannoo A L I bara 2002n teessoo paarlaamaan qabu 547 keessaa 545 mo'achuun Fulbaana 25, 2003tti Mallas Zeenaawii MM godhachuun muude. Yeroo sanatti kanneen waggoota 19f tajaajilan Siyyum Masfiniifi Hayilamaariyam Dasaalanyiin bakka buusanii turan. Haayilamaariyaam yeroo sanas itaanaa MM turan. Ministirri Daldalaafi Industirii Girmaa Birruufi itti-aanaan MM Addisuu Laggasaa aangoorraa kaafaman. Dr Dabratsiyoon Gabramikaa'eel ammoo ministira Komunikeshiniifi Informeshiin Teknolojii ta'an. Ministirri Albuudaafi Inarjii bakka lamaatti qoodamuun Ministeera Albuudaafi Ministeera Bishaan, Inarjiifi Jallisii akka ta'u murtaa'e. A L I Sadaara 20, 2005 Du'a Obbo Mallaas Zeenaawii hordofee Obbo Hayilamaariyaam Dasaalany aangoo MM qabatanii baatii tokkoon booda jijjirama kaabinee taasisuun hojiin eegalame. Kanaanis itti-aanaan MM lamaa fi dhimma alaa, akkasumas ministeerri daladalaa dabalataa hundeeffame.
Dr Dabratsiyoon Gabramikaa'eel fi Muktaar Kadiir haaraa mudamuun Dammaqaa Mokkonniin waliin itti-aantoota MM sadii ta'an. Obbo Muktaar Kadir sadarkaa itti-aanaa MMtiin qindeessaa kilaasatara Fooyya'insa Bulchinsa Gaarii, Dr Dabratsiyoon ammoo qindeessaa kilaastara Faayinaansiifi Dinagdeefi ministira Quunnamtiifi Odeeffanno ta'uun muudaman. Yeroo sanas biyyattiin yeroo jalqabaaf itti-aantoota MM sadii kan argatte. Dr Teediroos Adihaanoomis yeroodhuma kanatti ture ministira Dhimma Alaa kan ta'an. Dr. Tediroos A L I hanga bara 1998tti Ministira Fayyaa ta'uun tajaajilanii ture. Isaan gara Ministeera Dhimma Alaa wayita demaniitti, Dr Takastabirhaan Adimaasuu bakkasaanii Ministira Fayyaa ta'an. Booda keessa ammoo Obbo Hayilamaariyam, Obbo Barakat Simooniin gorsaa Qorannoo Imaammataafi Qo'annoo gochuun muudan. A L I Fulbaana 25, 2008 ammoo MM Hayilamaariyam Dasaalany Itti-aantoota MM sadii, ministiroota 26 fi kaadhimamtoota miseensoota kaabine afur paarlaamaatti dhiyeessuun raggaasisan. Hundeessuu mootummaatiin caasaaleen waajiraalee ministeerootaa 12 irratti ballinaan gaggeeffameera. Kaan isaanii bakka lamatti akka qoodaman yoo taasifaman, kaan ammoo akka haaraatti hundeeffamanii ture. Waajjiraalee ministeeraa jijjiramni irratti taasifameefi akka haaraatti caaseeffaman keessaa ministeera Misooma Dhimmoota Horsoossee Bulaa, Walta'insa Maallaqaafi Dinagdee, Qabeenya Qonnaafi Uumamaa, Misooma Beeyladaa fi Qabeenya Qurxummii, akkasuma ministeera Industrii ni eeramu. Obbo Dammaqaa Makonniin sadarkaa itti-aanaa MMtiin qindeessaa Dhimma Hawaasummaa, Dr Dabratsiyoon Gabramikaa'eel itti-aanaa MMn qindeessaa kilaastara inagdeefi Ministira Quunnamtiifi Odeeffanno, Aadde Asteer Maammoo qindeessituu kilaastara Riiformii Bulchiinsa Gaariifi Ministeera Misooma Qabeenya Humna Namaafi Pabliik Sarvisii ta'uun kanneen haaraa mudaman keessaa turan.
Waggaan booda ammoo MM Hayilamaaram Dasaalany muudama dabalataa ministirootaaf kennan. Haaluma kanaan Obbo Shifaraawu Shiguxee fi Aadde Fatilawarq Gabre-igzaaber kanneen muudaman keessatti argamu. A L I Fulbaana 2008tti kaabineesaanii raggaasifachuun bara aangoosaanii kan eegalan Obbo Hayilamaariyam, yeroo muraasaan booda ammoo haala bulchiinsa lafaafi dhimmoota eenyummaan walqabateen rakkoon isaan mudate. Maaster Pilaanii Finfinneefi godinaalee bulchiinsa Addaa naannawaa Finfinneetiin walqabatee mormiin magaaloota Oromiyaa adda addaa keessatti eegale. Yunivarsitoota keessatti, akkasuma mormii tureen barattoonni Oromoo hedduun yunivarsii keessaa hara'amuun kaan ajjeefaman. Naannoo Amaaraa bulchiinsa Kaaba Gondariitti ammoo gaaffiin eenyummaa ummata Qimaant deebii dhabuun walqabatee walitti bu'iinsa uumameen lubbuun namoota hedduun badeera. Mootummaanis giiffiilee ummataa kanneen deebiisuuf jijjirama gadi fagoon taasisa jedhe. Kanaanis MM Hayilamaariyam A L I Onkololeessa 22, 2009tti muudama kaabinoota 30 mana maree bakka bu'oota ummataatiif dhiyeessuun raggaasisan. Kaabinoota kanneen keessaa 21 isaanii haaraa yoo ta'an 9 kan dura turaniidha. Yeroo sanattis mormii biyyatiitti mudate hordofuun wayita labsiin yeroo mudamaa itti labsamee turedha. Jijjirama kaabiinee kanaanis Dr Tediroos Adihaanoomiin bakka bu'uun Dr Warqinaa Gabayyoo Ministira Dhimma Alaa ta'uun muudaman. Dr Nagarii Leencoo ammoo Geetaachoo Raddaa bakka bu'uun Ministira Waajjira Dhimmoota Komunikeshinii Mootummaa ta'uun muudaman. Kan akka Obbo Dammaqaa Makoonnon, Siiraaj Fargeessaa, Dr Dabratsiyoon fi Dr Yinaaggar Dasee kanneen bakkuma dura turaniitti akka itti fufan taasifaman keessati. Ministiroota 13 haaraa dabalaman keessaa Dr Injinar Silashii Baqqalaa Ministira Bishaan, Annisaa fi Jalliisii, Dr Baqqalaa Bullaadoo Ministira Daldalaa, Piro.
Yifruu Birhaanee Ministira Fayyaa, Dr Hiruut Walda Maariyam Ministira Aadaafi Turiziimii, Dr Injinara Geetaahun Makuriyaa Ministira Saayinsiifi Teeknooloojii fi Dr Nagarii Leencoo Ministira Dhimmoota Komunikeshinii Mootummaa kanneen damee qorannoo biraa kaabinumaatti makaman turan. Obbo Haylamaariyam ammoo A L I Guraandhala 8, 2010tti aangoo MM fi dura taa'aa ADWUI gadhiisuuf gaaffii galfatan. Sababiin aangoo itti gadhiisaniifis ''qaamaa furmata rakkoo biyyaa ta'uufan'' jechuun ibsan. Walga'ii manni maree bakka Bu'oota Bmmataa Bitooteessa 24, 2010tti gaggeeffateen Abiy Ahimad MM biyyattii ta'un mudaman. MM Abiy ammoo Ebla 11, 2010tti kaabinoota haaraa paarlaamaatti dhiyeessuun raggaasisan. Mudama kanaani jijjiramniiifi mudamni haaraan ministirootaa taasifamee ture. Fakkeenyaaf Abbaan alangaa waliigalaa Geetaachoo Amaabaayee fi Ministirri Dhimmoota Komunikeshinii Dr Nagarii Leenchoo kanneen hin muudamiin keessatti argamu. Kanneen bakkaa jijjiramuun muudaman keessaa Maqaasaa Mootummaa (ministira Ittisaa), Ahimad Shidee (Sadarkaa ministiraatiin ittigaafatamaa Waajjira Dhimmoota Komunikeshinii), Dr Silashii Baqqalaa (Ministira Bishaan, Annisaafi Jallisii), Tashoomee Togaa (Ministira Dhaabbata Misooma Mootummaa), Dr Ambaayee Makonniin ( Ministira Industirii) fi Warqinaa Gabayyoo (Ministeera Haajaa Alaa) ta'uun mudaman. Obbo Abbaadulaa Gammadaa (Gorsaa Ministira Dhimmota Nageenya Biyyaaleessaa MM), Aadde Fatalawarq Gabra-igzaaber (sadarkaa Ministiraatti Qindeessaa Mummee Jidduugala Ijaarsa Sirna Dimokraasii), Dr Baqqalaa Bullaadoo (Daarektara Mummee Korporeshiin Injinariingiifi Sibilawwanii) fi Obbo Tamasgan Xirunee (Daarektara Mummee EjjansiiTikaafi Odeeffannoo) fi muudama biraa aango'oota federaalaatiif kennaiiru.
MM garaagarummaa guyyoota muraasaatiin itti-gaafatamtoota mootummaa federaalaa 43f muudama kennan. Isaanis irra caalaa aangoo sadarkaa deetaa ministiraa kan qaban turan. Muudama kaabinee A L I Onkololeessa 6, 2011tti gaggeeffameen ammoo MM kaabinee haaraa isaanitii 20 keessaa 10 dubartoota muudan. Injinar Iyishaa Mohaammad Ministira Ittisa Biyyaa yoo ta'na, seenaa Itoophiyaatti dubartii jalqabaa ittisa biyya hoggante ta'utu ibsame. Aadee Mufariyaati Kaamiil Misitira Nagaa haaraa hundeeffametti yoo mudaman, Aadde Fatilawarq Gabre-igzaaber ammoo Ministeera Daldalaafi Industirii, Adaanach Abeebee Galiiwwan, Dr Hiruuti Waldamaariyaam ministeera Saayinsii fi Barnoota Olaanoo, addee Daagmaawiit Mogas Ministira Geejibaa, Durbeen Yaalam Tsahay Asfaawu Ministe=ira Dubartoota, Daa'immaniifi Dargaggoo, akkasumas Dr Fitsum Asafaa Komishinii misooma fi Karoora gichuun mudan. Waajjiraaleen ministeeraas 28 irraa gara 20tti akka gadi xiqqaatan taasifaman. Kunis haala baasii hirisuun jijjirama bu'uuraa fiduuf kan dandeessisu ta'u MM Abiy Ahimad yeroo sana himanii ture. Obbo Binaalfi Andu'aalam (sadarkaa ministiraatiin Qindeeessaa Olaanaa Jiddugala qindeessaa ijaarsa sirna dimokiraasii) fi Obboo Dasee Daalkee (Sadarkaa ministeeraatti Gorsaa Qonnaafi Jallisii MM) ta'u muudamaan. Sadaasa 18, 2011 muudamni dabalataa kenneef. Dr Ambaachoo Makonniin (gorsaa ministira Bu'uura misoomaa fi magaa MM), Obbo tasfaahun Gubazaay (gorsaa Deetaa ministiraa dhimmoota nageenya biyyaaleessaa MM), Birgaadar Janaraal Ahimad Haamzaa (daarektara Mummee Korporeshinii Injinariingii Sibilootaa), Obbo Motummaa Maqaasaa (Deetaa ministitatiin gorsaa Nageenya biyyaaleessaa MM) fi Onno Kabadaa caanee ( Daarekitara mummee Ejjansii dhimma Baqattootaa fi baqannaa deebii'anii) kanneen mudaman keessaayi.
Ebla 14, 2011 ammoo MM aanga'oota olaanoo afuriif dabalataa mudama kennan. Haaluma Kanaan Dr Amaluu Simee Daarektara Mummee Ittaanaa Korporeshinii Injinariifi Sibilawwanii, Obbo Jaanxiraar Abbaay Gorsaa ministira Misooma bu'uraafi Magaalaa MM, Aaddee Xayibaa Haasaan sadarkaa Ministiraatii Gorsituu damee hawaasummaa MM ta'un mudaman. Akkasumas A L I Guraandhala 17, 2012tti MM Obbo Yohaanis Baayaalawu pirezidaantii Akaadaamii Hoggansa Mallas Zeenaawii fi Dr Ambaachoo Addisaalam Beelamaa ammoo Daarektara Mummee Insititiyuutii qorannoo imaammataa gochun mudan. Itti-A L I aansees Amajjii 13, 2012tti Injinar Geetaahun Makuriyaa Ministira barnootaa, Obbo Malaaku Alabal Minisitira Daldalaafi Industirii fi Dr Abrhaam Balaay Minisitira Inneeveshinii fi Teknolojii ta'un muudaman. A L I Adooloossa 14, 2013 ammoo MM Obbo Lammaa Magarsaa Ministira Ittisaa irraa kaasuun bakka isaanii Dr Qana'aa kan mudan. Aadde Adaanach Abeebee ammoo Dr geediyoon Ximootiyoos Abbaa Alangaa Olaanaatiif kennuun Adaanachiin gara Kantiibaa Ittaantuutti fidan. Taakalaa Umaa kantibummaa irraa kaasuun ministira Albudaafi Inarjii gochuun mudaman. Tasfaayee Dhaabaa fi Bafiqaadu Tsagaayee ittiaantoota Abbaa Alangaa Waliigalaa, Yohaannis Boyaalawu Daarektara Mummee Institiuyutii qorannoo Tarsimoo Walitti dhufeenya ala, Piro. Hiruuti Waldamaariyaam sadarkaa Ministiraatiin gorsitu damee hawaasummaa MM taasifamuum mudaman. Ittaansees MM Onkolooleessaa 29, 2013 mudama dabalataa kennan. Muudama sanaan guyyoota muraasaan dursee, Ministirri Muummee Abiy Ahmad TV buufata biyyaalessaa irratti dhiyaatanii finciltoonni TPLF humna ittisaa Iizii Kaabaa irratti haleellaa erga raawwateen booda humni ittisaa TPLF irratti trkanfii akka fudhatuuf ajajuu isaanii dubbatan.
Muudamichi duula loltummaa kan mootummaan "tarkaanfii seera kabachiisuudha" jedhe "yeroo gababbaa keessattiifi gahumsaan bahachuuf jecha jijjiirraa gaggeessummaa" akka ta'e ibsee ture. Ajjeefamuu Janaraal Saa'aree Mokonnon hordofee Itaamaajor Shuumuu Humnoota Waraanaa Itoophiyaa ta'uun kan muudame Janaraal Adam Mohaammad itti-gaafatamummaa isaaniirraa ka'anii itti-aanaa isaa kan ture Janaraal Birhaanuu Juulaa Itamaajor Shuumii Humnoota Waraanaa Itoophiyaa ta'uun muudameera. Waamichi taasifameefiif humna waraanaa Itoophiyaatti kan makaman Leetnaan Ababaawu Taaasaa ammoo Ittaamaajor Shuumii itti-aanaa ta'uun muudameera. Obbo Tamasgeen Xuruneeh ammoo pirezedaantummaa mootummaa naannoo Amaaraa irraa ka'anii Daarektara Ol-aanaa Tajaajila Odeeffannoofi Tikaa Biyyaalessaa yoo ta'an, itti-gaaftamamaa waajira Paartii Badhaadhinaa naanoo Amrraa kan ture Obbo Aganyehu Tashaagar ammoo pirezedaantii naannichaa ta'an. Muudama ture sanaanis Komishinara Poolisii Federaalaa kan ture Komishinar Inashaawu Xaasew, itti-gaafatamummaa isaaniirraa kaafamee bakka isaa Dammallaash Gabre-mikaa'el Komishinara ta'uun muuameera. Hundeeffama mootummaa bor gaggeeffama jedhameefis yoo xiqqaate ministiroonni sadii bakka isaanii akka gadi dhiisan ifa ta;eera. Isaan keessaa kan jalqabaa ministira Dubartoota, Daa'immaniifi Dargaggootaa Filsan Abdullaahii yoo taatu, fedhiisheetiin hojiishee akka gadi dhiistu Ministira Muummee Abiy Ahmadiif xalayaa barreessiteen beeksifteetti. Warri hafan lamaan ammoo ministirummaa sadarkaa Federaalaatti irra turan irraa gara bulchiinsa magaalaa Finfinneetti kan dhufanidha. Ministira Ittisaa kan ture Qana'aa Yaadataa (PhD) hogganaa Biiroo Bulchiinsaafi Nageenyaa magaalaa Finfinnee yoo ta'u ministira Aaaafi Turiizimii kan turte Hiruut Kaasahu (PhD) ammoo hoggantuu Biiroo Aadaa Ogummaafi Turiizimii taateetti.
Ministira Ittisaa kan ture Qana'aa Yaadataa (PhD) hogganaa Biiroo Bulchiinsaafi Nageenyaa magaalaa Finfinnee yoo ta'u ministira Aaaafi Turiizimii kan turte Hiruut Kaasahu (PhD) ammoo hoggantuu Biiroo Aadaa Ogummaafi Turiizimii taateetti.
'Waliigaltee biyyaalessaa uumuufi qaala'insa jireenyaa furuun hojii ijoodha'- Pire. Saahilewarq Zawudee Pirezedaantiin Rippaabliika Dimokiraatawaa Federaalawaa Itoophiyaa Saahileworqi Zawudee Yaa'ii waliinii Manneen Marii Bakka Bu'oota Ummataafi Mana Marii Federeeshiniirratti argamuun kallattii hojii mootummaa gara fuulduraa dhiheessaniiru Ergaa dabarsan keessattis waggootni muraasni darban biyyattiin kan itti qoramteefi aarsaa guddaa kan itti kafaltedha jedhan. Filannoon ji'a Waxabajjii keessa adeemsifame rakkoowwan hedduudhaan marfamee kan adeemsifame yoo ta'elleen, filannoowwan biyyattiin ammaan diura adeemsifte faana yoo ilaalamu madaallii hedduudhaan fooyya'aadha jedhan. Manneen marii kunneen bakka miirri ummataa itti mul'atu bakka itti miirri ummataa itti callaqisiifamu ta'uu qabas jedhan. Tarkaanfiiwwan dinagdee biyyattii kufaa jiru baraaruudhaaf fudhataman bu'aa argamsiiseera kan jedhan Pirezidantiin kun, ta'us garuu hoji-dhabdummaan qormaata ijoo ta'ee itti waan fufeef roga xiyyeeffannaa mootummaa barbaadudha jedhan. Qaala'insa jireenyaa dabalaa dhufeef ka'umsa kan ta'an fedhiin jiruufi dhiyeessi wal madaaluu dhabuu, sirna qonnaa rooba irratti hundaa'e, sirna daldalaa wal hin qixxoofne sirreessuun hojii irratti xiyyaafatamuu qabudha. Hoji dhabdummaafi qaala'insi jireenyaa qorumsawwan ijoo ammallee furmaata barbaadanidha jedhan, "Gara fuula duraattiu carraa hojii bal'aa uumuun, qaala'iinsa jireenyaa uummata miidhaa jiru furuun guddina waliigalaa fiduuf mootummaan haalan hojjeta. Qaala'iinsa jireenyaatiif fedhiifi dhiheessiin walmadaaluu dhabuun, qonni rooba irratti hundaa'eefi kaan sababoota ijoo turan," jedhan. Humnaafi meeshaa waraanaatiin aangoon argamu kana booda akka hin jirre himuun, aangoon biyya kana keessatti kan argamu fedhiifi sagalee ummataatiin dirree dorgomii nagaa irratti seera hordofee ta'uu qabas jedhan.
Humnaafi meeshaa waraanaatiin aangoon argamu kana booda akka hin jirre himuun, aangoon biyya kana keessatti kan argamu fedhiifi sagalee ummataatiin dirree dorgomii nagaa irratti seera hordofee ta'uu qabas jedhan. "Humni Biyyaafi Uummataa ol ta'e jiraachuu hin qabu.Ummanni nageenya biyyaa mirkaneessuu keessatti gaheesaa bahuu qaba," jedhan. "Seenaa dhiigaan barraa'e qalaamaan jijjiiruun hin danda'amu. Walabummaafi kabaja biyya keenyaa waan tuquiratti eenyu wajjinuu walii hin gallu," jedhan. Waliigalteen biyyoolessaa gara-ballina, waliigaltee, walkabaja, mariifi falmii nagaa adeemsisuu gaafata. Kanaan alatti ammooo warra miidhaman bayyanachiisuus barbaachisa. Waliigalteen biyyoolessaa biyya kana keessatti akka jiraatuuf hawaasni hundi gahee laayyoo hin taane bahuu qaba jedhan. Dipiloomaasii biyyoota olla wajjinis hariiroo fayyadamummaa waliiniifi obbolummaa qabuun kan hojjetamu ta'uu himan. Kanaan alattis dhimmoota fayyaa, hawaasummaa, fayyadamummaa dargaggootaafi dubartootaa, dhimma Hidha Laga Abbayyyaafi dhimmoota biyyattii biroo irrattis kallattii hojii gara fuuladuraa biyyattii ibsaniiru Pirezdaant Saahileworq.
Filannoo Itoophiyaa: 'Bu’aan filannoo ulaagaa kan guute waan hin taaneef himachaan jira' EZEMA Naannoolee Filannoo 28 bu'aan isaa ibsamus ulaagaa kan guute waan hin taaneef dhimmicha mana murtii Waliigalaatti himachaan jira jedhe paartiin EZEMA. Filannoo Biyyoolessaa Marsaa 6ffaa gaggeeffamee bu'aan isaa ibsame irratti buufataaleen filannoo hanqina qaban osoo jiranuu bu'aan isaanii waan ibsameef dhimmicha gara mana murtii waliigalaatti hiamachuu Paartiin EZEMA Ibse. Ittigaafatamaan dhimma dhaabaa Paartichaa Obbo Waasihun Tesfaayee BBC'tti akka himanitti boordiin filannoo rakkoo ragaa qabatamaadhaan dhiheessineef deebii kennuu diduun bu'aa filannoo waan ibseef jecha gara mana murtiitti deemnee jedhan. "Akkuma filannoon gaggeeffaameen naannoolee filannoo 68 rakkoo qaba yaa ilaalamu irra deebiin Filannoon yaa gaggeefffamu jennee ragaa qabatamaa wajjin boordii filannootti iyyanne. Boordiin Filannoo garuu iyyata keenya dhiisee bu'aa filannoo ifoomse" jedhan. Naannoolee filannoo dhaabichi akka filannoon irra deebiin gaggeeffamuuf boordii filannoo gaafate 68 keessaa kan irra deebiin gaggeeffame kan buufata filannoo tokkoo qofa ta'uus himan. Roobii darbe kanas paartichi mana murtii waaliigalaa federaalaatti akka iyyatee fi guyyaa har'aa dhimmi isaanii ilaalamuu eegaluu himan Obbo Wassihuun. Naannooleen Filannoo paartichi irra deebiin filannoon akka gaggeeffamuuf iyyachaa jiru 28 yoo ta'an, kanneen keessaa naannooleen 27 naannoo Kibbaa naannoon filannoo tokko ammoo naannoo Gaambeellaatti argama. Rakkoolee naannoolee Filannoo kunneenitti mudatan yoo ibsanis, "naannoolee ja'a keessatti bakka buutonni paartii keenyaa boordii filannootti galmaa'anii seera guutanii osoo jiranuu guyyaa filannoo waraqaa filannoo irratti suurri isaaniis ta'ee maqaan isaanii irra hin jiru. Naannoolee kaan keessatti ammoo dhiibbaa ifa ta'etu mul'ataa ture" jedhan.
Naannoolee kaan keessatti ammoo dhiibbaa ifa ta'etu mul'ataa ture" jedhan. Akkaataa seera filannoo irra taa'een manni murtii waliigalaa federaalaa himata keenya kana ilaaluun yeroo ji'a tokkoo keessatti furmaata nuuf kenna jennee abdanna jedhan Obbo Waasihuun. Manni murtii waliigala federaalaas himata Paartiin EZEMA kana ilaaluuf Kibxata Adoolessa 20, bara 2013tti beellama qabachuus himan. Filannoo Itoophiyaa 2021 gaggeeffame Paartiin Badhaadhinaa MM Itoophiyaa Abiy Ahimadin durfamu sagalee caalmaa guddaan injifachuu, boordiin filannoo biyyaalessaa himeera. Akka boordichi ibsetti, Paartiin Badhaadhinaa teessuma 436 keessaa 410 mo'achuun waggoota itti aanan shaniif aangoo mirkaneeffateera. Haata'u malee, sababiiwwan nageenyaa fi rakkooleen loojistiikitiin walqabatee eddoowwan tokko tokkotti filannoon osoo hin gaggeeffamiin hafeera. Bakki waraanni keessatti gaggeeffamaa tureefi lammiileen kumaatamaan lakkaa'aman hir'ina nyaataa keessatti argamani, Naannoo Tigraayitti filannoon hin gaggeeffamne. Eddoowwan amma filannoon itti hingaggeeffamneeti ammoo marsaa biraa gaggeessuuf Fulbaana 6tti kan karoorfame yoo ta'u, kun naannoo Tigraay haa ilaallatuu haa dhiisuu hin mirkanoofne.
Iraan: Sirna addaa Iraan keessatti aangoon ittiin qabatamuufi biyyattiin ittiin gaggeeffamtu Sirni siyaasaa Iraan waxaxaafi adda yoo ta’u, qabiyyee barsiisa Islaamummaa jabanaafi dimokiraasii hammayyaa of keessatti hammate qaba. Neetiworkiin jaarmiyaalee filannoo kanneen hojiilee Hogganaa Olaanaa biyyattii, kan Pirezidantiifi paarlaamaa uummataan filatameen to’atamu. Akkaataan sirni siyaasa Iraan hojjjatuufi eenyu akka aangoo qabatummoo asii argattu. Hogganaa Olaanaa Iraan Hogganaan Olaanaan Iraan, nama biyyattii keessatti aangoo hundaa ol cimaa of harkaa qabudha. Erga warraaqsa Islaamummaa (Islamic Revolution) gaggeeffamuun bara 1979 aangoo qabatee asitti Iraan Hoggantoota Olaanoo lama qofa horatte. Isaaniis Aayatollah Ruhollaah Komahinii fi hogganaa Ayatollaa Alii Kameniidha. Bulchiinsa Shah Mohaammed Reza Pahlavi aangoorra buufamuu hordofuun Komahiniin caasseffama siyaasaa olaanaarra taa’aan. Hogganaan Olaanaan Iraan ajajaa olaanaa waraanaa biyyattii fi tikaas ni to’atu. Hogganaan Olaanaatu nama mana murtii biyyatti hoogganu, gartokkee miseensota koree eegumsaa (Guardian Council), hooggantoota kadhannaa Juma’aa dursan, akkasumallee hooggantoota buufatalee TV fi raadiyoo mootummaa biyyattii kanneen hogganaan muuda. Kana malees, faawundeeshiniin gargaarsaa maqaa Hoggaanaa Olaanaa biyyattiin hundaa’e dinagdee Iraan harka caalu to’ata. Hogganaa olaanaan Iraan Komehiniin bara 1989 du’uu isaanii hordofuudhaan ture Ayatolaah Kamenihiin kan muudaman. Aangootti cichuun isaanii maddiitti rakkoolee sirna bulchiinsa biyyattii humnaan ukkaamsuun beekamu. Pirezidantii Iraan Pirezidantiin Iraan ganna afur, afuriin filatama. Taatulleen marroo lamaa ol walitti aansuun tajaajiluun hin eeyyamamuufi. Heerrii biyyattii pirezidantin, nama biyyattii keessatti aangoo olaanaa qabachuun sadarkaa lamaffaarra jiru ta’udha ibsa.
Pirezidantiin damee hojii raawwachiftuu mootummaa kan dursu wayita ta’u, heerri biyyattii akka hojiirra ooluf itti gaafatamummaa qaba. Kana malees imaammata biyya keessaaf alaarratti dhiibbaa uumuu qooda dandeessissu qaba. Taatullee dhimma Iraan ilaallatu kamirrattu murtoo xumuraa kan dabarsuu hogganaa olaanaa biyyattiiti. Ji’a kana keessa lammileen Iraan nama pirezedanti Hasan Rohaanii bakka bu’u filataniiru. Haaluma kanaanis qondaalli siyaasaa gameessi Ibraahim Rahisii filannoo Pirezedantummaa Iraan injifachun Sambata himame. Rohaaniin, hogganaa amantaa filannoorratti sagalee wayya'a argachuun marroo lamaaf pirezedantummaan Iraan bulchaniidha. Marroo lachuu filannoo marsaa jalqabaarratti sagalee% 50 caalu argachuun morkii marsaa itti aanu akka hin gaggeeffamne hambiseera. Kaadhimamoota pirezidantii ta’uun kan danda’amu garuu yoo Koreen eegduu biyyatti(Guardian Council) kan barsiistota amantaa 12 fi ogeeyyii seeraa of keessa qabu mirkaneesse qofaadha. Filannoo ji’a kana keessa filatamuuf kadhiimatoota pirezedantummaaf galma’aan 590 keessaa 7 qofaaf dorgomuu eeyyaman. Jara torban kana keessa garuu dubartiin tokkollee hin jirtu. Paarlaamaa Iraan Paarlamaa Iraan miseensota 290 kan qabu yoo ta’u, Majilisa jedhanii waamu. Majilisni ganna afur afuriin hawaasaan filatamu. Paarlaamaan seera baasa (tuma), baajata biyyattii mirkaneessuuf dhiisu ni danda’a. Kana malees, pirezidantiifi ministeerota biyyattii waamanii gaaffii dhiyeessuu hanga aangoorra buusuullee ni danda’u. Haata’u malee, seerri paarlamaan biyyattii tume hundi Koree eegduu biyyattiin mirkaneeffamu qaba. Filannoo paarlamaa biyyattiin bara 2020 gaggeessite booda paartileen ilaalcha fiixe tokkicha qofatti cichan infannoo guddaa gonfatan. Koreen eegduu biyyatti kaadhimamtoota jijjiramni biyyatti keessatti akka jiraatu barbaadanifi ilaalcha giddugaleessa qaban wajjiin kaadhimatoota ta’u kanneen danda’an 7,000 filannoorraa haqe ture.
Mana marree Eegduu Iraan (Guardian Council) Mana maree Eegduu Iraan qaama biyyatti keessatti dhiibbaa uumuu danda’u. Seera Paarlaamaa biyyattiin baaste raggaasisuufi jijjiruuf aangoo qaba. Kana malees, kaadhimtoonni paarlaamaa keessatti akka hin dorgomne dhorkus ni danda’a. Koreen kun barsiisota amantii hogganaa olaanaa biyyattiin mudaman qaba. Kana malee, ogeeyyii seeraa jaha qaamni seera hiiku muudee paarlaamaan mirkaneesse qaba. Miseensonni Koree kanaa ganna jahaaf kan filaman yoo ta’u, miseensonni walakkaan isaanii waggaa sadi sadiin geeddaramu. Amma Koree kun namoota ejjannoo siyaasa tokkichatti cichaniin guutameera, isaan keessa walitti qabaan Koree kanaa Ayatolla Ahimad Jannatii jedhamu. Yaa’ii Ogeeyyii (Assembly of Experts) Yaa’iin Ogeeyyii qaama beektoota amantii Islaamaa 88 qabudha. Yaa’iin kun hogganaa olaanaa biyyattii muuduufi ga’uumsa isaa to’achuuf aangoo qaba. Yoo dirqama isaarraa eegamu bahuu dadhabe aangoorraa buusuu ni danda’a. Amma yoonaatti murtoo hogganaa olaanaa biyyattii garuu danquu dhabanis, hogganaan olaanaa Iraan Ayatollah Kamenii, maanguddoon ganna 82 dhukkubsatan kanatti Yaa’iin Ogeeyyii qaama biyyattiif murteessaadha. Hogganaa olaanaan biyyatti tarii ni du’umoo aangoorraa buufamu dhimma jedhu filannoo iccitiin gaggeeffamuun namni bakka bu’u muudama. Miseensa yaa’ichaa filannoon ganna saddet, saddeetiin gaggeefamuun filatamu. Filannoo dhiyootti kan gaggeeffame bara 2016 ture. Yeroo sanatti warreen jijjiramni biyyattii keessatti akka jiraatu barbaadan fi ilaalcha siyaasaa giddugaleessa qabu jedhaman teessoo %60 injifatti dhiyaatu injifata. Yaa’ii sana dura turerratti garuu %25 gadi injifatanii turan. Kaawunsilii Mijannaa (Expediency Council) Kawunsiliin kun hogganaa olaanaa biyyattii kan gorsu wayita ta’u, wayita seerarratti waldhabbiin paarlaamafi Koree Eeegdota biyyattii gidduutti dhalatu aangoo murteessuu qaba.
Hogganaa olaanaan biyyattii miseensota 45 kan muudu wayita ta’u, abbootii amantaa bebbeekamoo, hawaasa keessaafi namoota siyaasaa bebbekamoo keessaa filatamu. Yeroo amma walitti qabaan isaanii Ayatollah Saadiq Alii Larijani, nama hogganaa qaama seera baastuu biyyattii turan. Hogganaa Olaanaa qaama haqaa Hogganaan haqaa biyyatti kun hogganaa olaanaa Iraaniin muudaman. Hogganaaa damee haqaa biyyattii qaama seera hiiktu kan hogganu wayita ta’u, abbaan seeraa seerri Islaamummaa hojiirra hojiirraa oluusa mirkaneessa. Hogganaa Haqaa biyyatti abbaa amantii , Ibiraahim Ra’isii jedhamuun hogganama. Qaamni seera hiiku qaamolee tikaa fi basaasa wajjin qondoomee kan hojjatu wayita ta’u, mormitoorratti tarkaanfii jajjabaa fudhachuusaatiin rogeeyyii mirga namoomaaf falmaniin himatama. Filattoota Lammilee Iraan miliyoona 83 keessaa miliyoona 58tti kanneen dhiyaatan umriin isaanii ganna 18 oli kan ta’aniifi filachuu danda’aniidha. Namoota sagalee filannoo kennuu danda’an keessaa harki caalan isaanii dargaggoota yoo ta’an, gartokkeen uummata biyyattii umriin isaanii ganna 30 gadidha. Humnoota hidhatan Humni hidhatan gartuu Islamic Revolution Guard Corps (IRGC) fi waranaa idilee of keessaa qabudha. Gartuun eegdota IRGC warraaqsa biyyattii keessa ture booda kan hundaa’e yoo ta’u, sirna Islaamummaa biyyattii eeguuf kan hundaa’e fi humna waraana biyyattiin wal madaalu qaba. Gartuun kun hogganaa olaanaa biyyattii wajjin hidhata cimaa kan qabu yoo ta’u, qaama hidhannoon cimaa qabu, siyaasafi dinagdee biyyattii keessatti qooda olaanaa taphatu ta’eera. Gartuun IRGC jedhamuu kun loltoota lafoo , galanaarraafi humna qilleensa ofiisaatii kan qabu yoo ta’u, meeshaalee waraanaa tarsimoof biyyattiin itti gargaramtu ni to’ata. Kana malees, hidhattoota mormitoota ukkamsan‘Basij 'Resistance Force’ jedhaman gartuu IRGC jedhamutu to’ata.
Kana malees, hidhattoota mormitoota ukkamsan‘Basij 'Resistance Force’ jedhaman gartuu IRGC jedhamutu to’ata. Qondaaltonni olaanoo IRGC fi gaggeessitoonni waraaana biyyattii hundisaanii hogganaa olaanaa biyyattiin muudamu. Kaabinee Miseensonni Kaabinee immoo pirezdantii Iraaniin filatamu. Sana booda immoo paarlamaan biyyattii muudama isaanii mirkaneessa. Kaabinee biyyattii kan walitti qabu pirezedantii ykn pirezedantii ittaanaa biyyattiitu walitti qaba.
Filannoo Itoophiyaa 2021 irratti taateewwan yaaddessoo 300 ol mirkaneeffachuusaa gamtaan waldaalee siiviilii hime Gamtaan Waldaalee Dhaabbilee Siviilii Itoophiyaa Filannoof taajjabbii filannoo biyyaalessaa marsaa 6ffaa Itoophiyaa irratti taasiserratti gabaasa jalqabaa baasera. Gamtaan waldaaleen biyya keessaa 176 walitti dhufuun hundeessan Gamtaan Waldaalee Dhaabbilee Siiviilii Itoophiyaa Filannoof naannolee filannichi itti adeemsifame torba fi bulchiinsa magaalotaa lama keessatti adeemsa filannoo biyyaalessaa marsaa 6ffaa taajjabuusaa himeera. Gabaasni jalqabaa gamtichi har’a baases gabaasa taajabdootnisaa lakkoofsaan 2,200 ta’an buufataalee filannoo 2,000 ol taajjabuun qopheessan ofkeessatti kan qabate ta’uu himeera. Taajabdoota bobbaase 2,200 kunneen keessaa dhibbeentaan 97 Waxabajjii 14 bara 2013 ganama buufataalee filannoo seenanii akka taajjaban kan heeyyamameef ta’uu kan himu gamtichi “akkaataa seera filannoo keessatti kaayameen faallaatti buufataalen filannoo 92 gamoowwan waajjiraaleen poolisii, kaampiiwwan waraanaafi paartileen siyaasaa keessatti argaman keessatti hundeeffaman” jedheera. Gama biraatin gamtichi buufataalee filannoo taajjabe keessaa dhibbeentaa 99.8 keessatti korojoowwan yookin saanduqootni waraqaan filannoo keessa kaayamu duwwaa ta’uunsaanii erga mirkanaa’e booda saamsamanii filannoon eegalamuusaa himeera. Haata’u malee guyyaa filannootti buufataalee filannoo 256ti daangaa meetira 200 keessatti duulli na filadhaa taasifamuufi meeshaaleen duula na filadhaa agarsiisan mul’achuu isaanii gabaasni jalqabaa Gamtaan Waldaalee Dhaabbilee Siiviilii Itoophiyaa Filannoof baase agarsiisa. Akka seera filannoo Itoophiyaatti filannoof guyyootni afur yeroo hafanirraa eegalee duula nafiladhaa taasisuun dhorkaadha.
Gama biraatin buufataalee filannoo gamtichi taajjabe keessaa dhibbeentaa 89 kan ta’an guyyaa filannoo iddoo bakka bu’ootni paartilee siyaasaa argamanitti kan banaman ta’u gamtichi himeera. Gamtaan Waldaalee Dhaabbilee Siiviilii Itoophiyaa Filannoof buufataalee filannoo 1,975 keessatti adeemsa sagalee kennuu taajjabus buufataalee filannoo 12 keessatti garuu taajjabdootnisaa adeemsa sagalee kennuu taajjabuu dhorkamusaanii himeera. Buufataalee filannoo taajjabe keessaa dhibbeentaa 96 keessatti wayita sagaleen kennamu qaamolee buufaticha keessatti argamuu qaban qofti argamusaanis himeera. Sagalee kennuun walqabatee gamtichi “buufataalee taajjabdootnikoo itti argaman keessaa buufataalee 366 keessatti filattootni filachusaanin dura qalamni hin gadhiisne quba isaaniirratti hin dibamne” jedheera. Kana malees “buufataale filannoo 198 keessatti icciitiin addemsa sagalee kennuu haala guutuu ta’en hin kabajamne” jedheera. Filannichi bifa nagaqabeessa ta’een adeemsifamuunsaa waan gaarii ta’uu kan himu Gamtaan Waldaalee Dhaabbilee Siiviilii Itoophiyaa Filannoof, tumsi boordiin Filannoo Biyyaalessaa Itoophiyaa gama hulaawwan mul’atan duuchuf yaaluutin taasise kan jajjabeeffamu ta’uusaas himeera. Filattootni baay’een filannicharratti hirmaachusaanin dabalataan sagalee kennuf abdiidhaan eegaa turuunsaanii akkasumas tumsi paartileen siyaasaa filannichi nagahaan akka xummuramuf taasisanis olaanaa ta’uu gabaasni jalqabaa gamtichaa hima. Taajabdootni bobbaase taateewwan yabaddessoo 400 gabaasuu isaanii kan himu Gamtaan Waldaalee Dhaabbilee Siiviilii Itoophiyaa Filannoof, kunneen keessaa 338 qulqulleessuufi mirkaneessuusaa himeera. “Hanqinni meeshaalee filannoo, taajabdootni akka hin taajjabne taasisuu, namootni buufataale filannoo keessatti argamuu hin qabne buufataalee filannoo keessatti argamuufi wayita sagaleen kennamufi lakkaa’amu sodaachisuufi qoccollaan taateewwan yaaddessoo guyyaa filannoo mul’atan keessaayi” jedha gamtichi.
“Hanqinni meeshaalee filannoo, taajabdootni akka hin taajjabne taasisuu, namootni buufataale filannoo keessatti argamuu hin qabne buufataalee filannoo keessatti argamuufi wayita sagaleen kennamufi lakkaa’amu sodaachisuufi qoccollaan taateewwan yaaddessoo guyyaa filannoo mul’atan keessaayi” jedha gamtichi. Gamtichi taajabdootnisaa baajii (waraqaa beekkamtii) Boordii Filannoo Biyyaalessaa Itoophiyaa qaban 40 adeemsa filannoo akka hin taajjabne dhorkamusaanii himeera. “Taajjabdootni gamtichaa naannoo Amaaraatti bobba’an iddoowwan tokko tokkotti bulchaa gandaa dabalatee hojjettootni bulchiinsa gandaa yeroo filannootti buufataalee filannoo keessatti argamaniiru” jedha gabaasni jalqabaa Gamtaa Waldaalee Siiviilii Itoophiyaa Filannoof har’a baase. Dabalataan gamtichi “naannolee Gambeellaafi Amaaraa iddoowwan muraasatti miseensootni partilee siyaasaa filattootaafi raawwachiistota filannoo sosodaachisaa akka turan taajabdootnikoo naaf gabaasaniiru” jedheera Kana malee Gareen taajjabdootaa Gamtaa Afrikaa filannoon Itoophiyaa marsaa 6ffaan hanqinoota hedduu qabaatus karaa amanamummaa qabuun gaggeeffamuu isaa taajjabeera jedhe gabaasa jalqabaa baaseen. Gareen taajjabdoota Gamtaa Afrikaa gabaasa jalqabaa kanaan filannichi hanqinoota loojistikiifi nageenyaa, dhiibbaa siyaasaafi of eeggannoo dhabuu weerara koroonaavaayirasii irraa kan hafe qophiiwwan filannoon duraa fi guyyaa filannoo wantootni hojjetaman karaa seera qabeessa, naga qabeessaa fi amanamummaa qabuun raawwatan jedhe.
Fonqolcha Maalii: Afrikaa keessatti waraanaan aangoo qabachuun dabalaa jiraa? Fonqolchi mootummaa waraanaan gaggeeffamu erga Afrikaan kolonii jalaa baatee booda irra deddeebiin waan mul'atu taheera. Taateen dhiyeenya kana Maaliitti raawwates giddugaltummaan waraanaa hangam akka tahe fakkeenya mul'isudha - waggaa tokko odoo hin guutin waraanni marroo lammeessoof gidduu gale. Achuma ollaatti, biyya Nijeeritti ammoo Bitootessa keessa, sirna kakuu pireezidantichaa raawwachuuf guyyootaan dura fonqolchi aggaamame fashalaa'eera. Gidduseentummaan waraanaa ardii Afrikaa keessa dabalaa jiraa? Hiikni jiru tokko: yaalii seeraan alaafi ifatti gaggeessitoota aangoorra jiran buqqisuuf, qaamolee waraanaas tahe siiviiliin gaggeeffamudha. Qo'annoo qorattoonni Ameerikaa Jonathan Powell fi Clayton Thyne jedhaman gaggeessaniin, erga 1950taa as Afrikaa keessatti taateewwan akkasii 200 ol tahan adda baasaniiru. Yaaliiwwan kanniin keessaa walakkaa kan tahan milkaa'aniiru - kunis guyyoota torbaafi isaa ol kan ture yoo tahedha. Biyyi Lixa Afrikaa Burkinaa Faasoon, fonqolcha milkaa'an jedhaman hedduu qabaachuun dursiti - torba yoo milkaa'u, tokko fashalaa'eera. Si'a tokko tokko kanniin taatee akkasii keessaa qooda qaban, fonqolcha miti jechuun mormu. Zimbaabweetti bara 2017 keessa, waraanni gidduu galuun aangoo Robart Mugaabee ganna 37'tti xumura laataniiru. Gaggeessitoota gocha kanaa keessaa tokko Mejar Jeneraal Sibusiso Moyo TVtti as bahuun, kun tasumaa fonqolcha mootummaa miti jechuun morman. Eebla baranaa keessa ammoo battala prezidantiin Chaad Idris Deebii du'etti, waraanni biyyattii ilmasaa pireezidaantii yeroo gochuun mana maree ceehumsaatti muudan. Mormitoonni isaa 'fonqolcha maatii keessaati' jechuun taatee kana ibsan.
''Kanneen fonqolcha gaggeessan gochaan isaanii tasumaa fonqolcha miti jechuun haaluun, seera-qabeessa tahanii argamuuf yaalu,'' jedha Jonathan Powell. Baroota 1960 fi 2000 gidduutti, Afrikaa keessa haala nama dinquun waggaa waggaan lakkoofsa fonqolchaa walfakkaataatu mudata - innis giddugalaan waggaatti afur. Ergasii garuu kun xiqqaachaa dhufee hanga bara 2019tti waggaatti lama ta'eera. Aabba Jonathan kuni waan hagaas mara nama dinqu miti jedha. Maaliif jennaan? biyyoonni Afrikaa erga bilisummaa argatanii booda tasgabbii hin arganne jedha. ''Biyyoonni Afrikaa haalota fonqolchaaf sababa tahan wajjin turan - kanneen akka hiyyummaafi haala diinagdee. Biyyi tokko fonqolcha tokko keessummeessinaan, yeroo baay'ee kun mallattoo fonqolcha hedduuti.'' Yunivarsiitii KwaZulu-Natal irraa kan tahe Ndubuisi Christian Ani, fincilli uummataa abbootii irree waggoota hedduuf bulchan irratti gaggeeffamu, irra deebiin fonqolcha biraatiif karra baneera jedha. ''Fincilli uummataa karaa isa sirriifi hawaasaan kan hoogganamu wayita tahu, yeroo baay'ee garuu milkaa'ina isaatif murteen waraanaa daran murteessaadha,'' jedha. Sudaan biyya fonqolchi hedduun itti gaggeeffame tahuun dursiti - biyyattiitti fonqolchi 15 kan raawwate wayita tahu shan qofatu milkaawe. Inni yeroo dhiyoo isa bara 2019 keessatti raawwate oggaa tahu, mormiin uummataa ji'ootaaf erga gaggeeffamee booda, Omaar al-Bashir aangoorraa buusan. Bashir ofumasaayyuu fonqolcha waraanaa bara 1989tti gaggeesseen aangootti ol bahe. Erga 2015 as, fonqolcha mootummaa addunyaa gubbaatti galmaawan sagal keessaa lama malee kaan hunduu Afrikaatti mudatan - kan hafan lama Tarkii (2016) fi Miyaanmaar (2021).
Erga 2015 as, fonqolcha mootummaa addunyaa gubbaatti galmaawan sagal keessaa lama malee kaan hunduu Afrikaatti mudatan - kan hafan lama Tarkii (2016) fi Miyaanmaar (2021). Waliigalatti, ardiiwwan kamuu caalaa Afrikaan fonqolcha mootummaa olaanaa keessummeessiteetti. Kan ittaanu Ameerikaa Kibbaa wayita tahu, fonqolcha 95 gaggeeffaman keessaa 40ni kan milkaawan turan. Odeessicha kan midhaassan Christopher Giles fi Peter Mwai
Paartilee siyaasaatiin malee dimookiraasii qabachuu dandeenyaa? Addunyaarratti filattoonni dhaabbilee siyaasaa baramanitti dugda kan garagalchaa jiran fakkaata; garuu isaan malee dimookiraasiin jiraachu danda’aa? Bara 1796tti Pireezidaant Joorj Waashiingitan, “namai abshaala, safuu hin bekneefi hamoo ta’an aangoo uummataa akka fudhataniif” taasifamaniiru jechuun paartilee siyaasaa qeeqanii turan. Yaadni isaanii kunis rakkoo yeroo ammaa waliin kan deemu faakkaata. Ta’us garuu yeroo dheeraaf lammileen Ameerikaa hedduun yaaddoo Waashingitan kanaan waliigalu ture. Fudhatamummaan paartilee Dimokraatikii fi Rippaablikaan lamaan uummata biratti waan abdiin itti kutame fakkaata. Kunis bakka bu’iinsa dhabuu qofaan osoo hintaane, namoota beektootaan to’atamaniiru jedhamu. Dhugaattis namoota bara 218tti filannoo US filatan keessaa %38 kan ta'an kanneen paatrii kamu waliin hidhatan hinqabneedha. Amma ammoo baayyinni namoonni akka Dimookiraatiittis ta’e Rippaablikaanitti of hin ibsine lakkoofsaan dabalaa jiru. Jijjiirraamni kunis addunyaa maratti kan mul’atu fakkaata. Fakeenyaaf, Awurooppaa keessatti, paartileen cicimoon kanneen isaan filatan tuffachuun himatamu. Kunis dubbii irra caalaa Yunaayiti Kingidamiin gara Brexit tti akka seentuuf dhiibbaa taasiseedha jedhamuun himatama. Jibbi paartilee siyaasaa irratti dabalaa dhufe kunis saayintistoota siyaasaa gidduutti falmii kaaseera. Kanneen sirni paartii siyaasaa idilee jiraachu deeggaran ammoo, dimookraasiin paartilee siyaasaa cimoo, amanamoo fi qindaa’oo ta’an irratti akka hundaa’u falmu. “Namoonni siyaasa keessa jiran yeroo baayyee kallattiin ummata bira gahuuf paartiilee naannawu yaadu. Garuu paartileen malee hokkoratu nu mudata ture,” jetti Naansii Rosanbiluum kan Yunivarsitii Harvaarditti qorattuun saayinsii siyaasaafi ammaan tanas, wa’ee rakkoo paartilee siyaasa irra ga’aa jiru qorataa jirtu.
Ta’us garuu gareen hayyootaa muraasi kanneen baayyeensaanii dargaggoo ta'an, giddu galummaa partilee fi namoota siyaasaan alatti, dimookiraasii iftooma qabuu fi kallaattiin ta’e fi kan paartiilee fi qondaaltoota siyaasaa gadaanaan keessatti hirmaatan yaadu qabna jedhu. Yaadni akkanaa kunis hanga waggoota kudhan duraatti akka “tasumaan waan dhugaa hin taaneetti” ilaalama ture, jetti saayintistiin siyaasaa Yunivaritii Yeel, Heeelan Landimoor. Ta’us garuu taateewwan kanneen akka rakkoo dinaagdee bara 2008 fi bara 2016'tti Doonald Tiraamp pireezidantii ta’ee filatamuun isaa dabalatee, falmii kana caalaa guddiseera jetti. US keessatti beekamtiifi aangoo paartileen qaban wantoonni hir’isaa deeman heddumataa jira. Sagantaalee paartiin gaggeeffaman kan hojiiwwan motummaa deegartootasaaniif dhiyeessaa turan sirnoota beekamuuf kennamananiiru. Koreewwan sochii siyaasaa walabaa ka'uun ammoo dorgomtoonni madda maallaqaa dula filannoo akka qabattan taasiseera. Haalli kun ammoo kaadhimamtoonni paartiilee birokiraasiin guutaman irra akka nama daldalaatti akka socha'an taasisera. Kutaa biyyaa US hedduu keessatti paartii tokko isa kanirraa caalsisanii looguufiin kadhimamtoonni bakka buutota filattota isaaniif ta’uurra paartilee lamaniif aangoo mijataan” akka uumamu taasiseera. Kana jechuun injifataan kan baramu Dimokiraatota Dimokiraatota biraa waliin, Rippaablikaanota Rippaablikaanota biraa waliin wal morkaachiisun jechuudha. Paartiileen siyaasaa gaheewwan barbaachisaa bahan heddu qabu Paartileen siyaasaa amma kan duriirra dadhaboodha yaada jedhuun namni hundi walii hin galu. Yaadni wal falmu cimaan amma jiraachuun isaa, uummanni paartii deeggaruu waliin hariiroo cimaa qaba jechuudha jetti Roseenbiluum. Kana jechuun ammoo cunqursaa ykn kaka’uumsa paartileetiin filattoota irra ga’u hoggantoota paartiilee yeroo kaan caalaa akka isaan aangoo cimaa qabaatan godha.
Ta’us ammayyu oggeessonni hedduun paartileen siyaasaa beekkamtii isaanii baayyee dhabaniiru jedhanii amanu. Kun ammoo dimokraasiifis kufaatidha jedhu. “Paartileen siyaasaa wiirtuu itti gaafatamummaa dimokraasiidha, sababiin isaa namoota isaan deeggaran ykn morman utuu hin taanee partileetu wanta uummataaf fayyadu karoorsa,” jechuun Shapiroofi Yeelitti waayillisaa, Firaans Roseenbiluut, barreefama ilaalcha 2018tti ibsaniiru. Filattoonni dandeettii ykn yeroo itti wa’ee bu’aafi baasii qajeelfama qoratanii itti waan isaaniin dhunfaatti fayyadu kan wanta nama hedduuf yeroo dheeraaf fayyadu waliin maadalan hin qabani jedhu. Biyyoonni biroo kana akka Taayilaand, Tarkii fi Jarmanii, paartilee siyaasaa kan mootummaan kanneen dimookraasii diiganii jechuun ilaalan dhorkaniiru. Walta'iinsi paartileen Ameerikaa har'a dhabab illeen filattootaa isaanii amansiisuuf nagaan akka jiraatu gargaaranis boru sirriitti mo'achu ni danda'u ta'a. Amma garuu, seeraa bu’uraa sun cabeera, jedhu Roosenbiluum, Murhead fi kanneen biroo. sababiin isaas hoggantoonni partilee tokko tokko morkaattoota isaanii biyya ganuun waan himatu “Tiraamp Dimokraatonni diina uummataa fi kan bu’uura hin qabnedha akkasumas filannoon hatameera jechaa ture. Kun ammoo daandii hokkoratti geessudha. Sababiin isaas kun filannoo biraan sirrachuu hin danda’u.” Addunyaa irratti paartileen siyaasaa amantaa fi beekkamtii dhabaaniiru jedha Shapiroon. Haata'u malees garuu guutummaatti isaan haquurra ykn aangoo isaanii mulquurra, isaan cimsuu fi akka isaan amanamoo ta’an gochuu qabna yaada jedhu kenna. Landemoor fi waahiloonni ishee garuu yaanni akkanaa rakkoo hatattamaa amma jiru waliin wal hin simu jedhu. Utuu paartilee siyaasa irratti hin hirkatiin dimokraasiin maal akka fakkachuu danda’u akka yaadamuuf waamicha dhiyeessiti.
Utuu paartilee siyaasa irratti hin hirkatiin dimokraasiin maal akka fakkachuu danda’u akka yaadamuuf waamicha dhiyeessiti. Yaanni isheen dhiyeessitu tokko, mootummaa akka hogganaaniif namoota nagaa muraasa muduudha. Isaanis ammoo karaa “Mana maree uummataan” aangoo wal jijjiiru kan jedhudha. Biyyoonni hedduu dimokraasii paartileen socho’urraa filannoo biroo adda addaa yaalaniiru. Bara 2016tti paarlaamaan Ayirish uummata keessa namoota 99 walitti fiduun dhimmoota ijoo kan akka ulfa baasuu eyyamuu fi dhiisuu irratti akka mari’atan taasisaniiru. Harki caalaan namoota kanaa seerri ulfa baasuu akka haqamuuf filatan. Kanaanis akka biyyaalessatti seerri kun geeddarameera. Kun hundi kan milkaa’ee jidduu galtummaa partilee siyaasi kaminuu ala. Hanga ammatti yaaliin akkanaa dhibbaa muraasa qabaatus, yaanni uummataa geeddaramaa jira jetti Landemoor. Waggoota shaniin dura, waahiloonni ishee walga’ii saayinsii siyaasaarratti yaada “dimookrasii banaan jiraachu qabaata” irratti qoosaa turan. Garuu “waggaa shanan har’aa ammoo yaadichi dubbii ijoo akka ta’uun yaada,” jetti.
Walitti bu'insa daangaa naannolee Somaalii fi Afaariin namooti 50 ol ajjeefaman Baha Itoophiyaa daangaa Afaarii fi Somaaleetti dhuma torban darbee walitti bu'insa uumamee tureen lubbuun namoota baay'ee darbuu bulchitootni naannolee lamaanii himan. Naannoo Afaaritti gaafa Sanbataa darbe 25/2013 guyyaa sa'a sagalitti godina 3, aanaa Haarukaatti haleellaa dhaqqabeen lubbuun namoota 30 yoo darbu namootni 50 ol madaa'uu isaanii itdubbi himaan mootummaa naannichaa Obbo Ahimad Halooyitaa himaniru. Har'a barii sa'a 11 irraa jalqabee godina 3 aanolee Haarukaa, Gel'aaluu, Gawaanee jedhaman keessatti haleellaan raawwatamee manneen gubachuus himaniiru. Naannoon Somaalii ibsa baaseen, Jimaata darbe gaafa Bitootessa 24 /2013 gandoota Da'awaadii fi Qarafaa jedhaman irratti haleellaan raawwachuun ''horsiisee bultootni 25 ol yoo ajjeefaman, namoota 30 tahan irra ammoo miidhaan qaamaa gahuun qabeenyi isaaniis manca'eera'' jedhe. Har'a [Kibxata] ganamas gandoota naannoo Somaalii afur jechuun Da'aawadii, Gewuraan, Qalaalee fi Danlehee jedhamanitti haleellaan raawwachuun yeroodhaaf lakkoofsi isaanii kan adda hin baane namootni baay'een ajjeefamuu himaniiru. Naannoleen lamaan haleellicha kan raawwatan jechuun miseensota poolisii humna addaa walii isaanii himatu. Dabalataan naannoon Somaalii humni addaa naannoo Afaar humna shororkeessaa ittiin jedhu [UGUGUMA] jedhamu waliin tahuun haleellicha raawwate jechuun himate. Dubbi himaan mootummaa Afaar Obbo Ahimad ammoo Indefoo, Adaayitoo fi Gadaamaayituu bakkkeewan jedhamanitti daldala seeraan alaa ittisuuf tarkaanfiin fudhatame hordofuun humni addaa naannoo Somaalii horsiisee bultoota irratti tarkaanfii ajjeechaa fudhate jedhan.
Dubbi himaan mootummaa Afaar Obbo Ahimad ammoo Indefoo, Adaayitoo fi Gadaamaayituu bakkkeewan jedhamanitti daldala seeraan alaa ittisuuf tarkaanfiin fudhatame hordofuun humni addaa naannoo Somaalii horsiisee bultoota irratti tarkaanfii ajjeechaa fudhate jedhan. Obbo Ahimad akka jedhanitti haleellaa gaafa Sanbataa raawwate irratti hirmaachuun kan qabaman miseensonni humni addaa naannoo Somaalii jiru. Naannoo Somaalii fi Afaar gidduutti araarri akka bu'uuf yaaliin taasifamaa ture akka hin milkoofne kan himan Obbo Ahimad, hanga ammaatti bakkeewwan rakkoon itti mudate kanneen humni federaalaas tahe raayyaan ittisaa akka hin dhaqqabne himan. Naannolee lamaan gidduutti walitti bu'insa daangaa ture yeroo yerootti irra deddebiin ka'uun lubbuu galaafataa jira. Amma dura akkaataa Boordiin filannoo buufataalee filannooo gandoota naannoleen lamaan irratti wal dhaban daangaarratti argaman keessa jiran itti caasesse ilaalchisee naannoon Afaar komii dhiyeessee kan ture yoo ta'u boordiin filannoo komii sana fudhachuun sirreeffama godhee ture. Mootummaan naannoo Somaalii ammoo sirreeffama Boordii filannoo kana naannoo Afaariif kan looge jechuun iyyate. Walitti bu'iinsi ammaa kallattiin dhimma iyyata Boordii filannoo kanan kan walqabatu ta'uun hin beekamne.
Manni maree Somaaliyaa aangoo pirezidaantii waggaa lamaaf dheeresse Miseensonni Mana Maree Paarlaamaa Somaaliyaa, seera aangoo pirezidaantummaa pirezidaantii biyyattii Mohammad Abdullaahii Farmaajoo waggaa lamaaf dheeressu raggaasisuuf sagalee kennan. Wiixineen seeraa kun miseensota 149n mirkanaa'eera, garuu seera ta'ee ba'uuf manni maree sadarkaa olii jiru mirkaneessuu qaba. Pirezidaant Farmaajoon murtee mana maree kanatti hedduu gammadan, lammiileen Somaaliyaa wagga lama booda kan fedhan filachuu danda'u jechuunis yaada kennan. Haata'u malee paartileen morkattootaa fi dureewwan naannolee tokko tokko wiixinee seeraa kana kuffisaniiru. Duraan Ministira Muummee kan turanii fi amma qama paartilee mormitootaa kan ta'an Ali Kayiree, biyyattii rakkoo hamaa keessa jiraachuu eeranii, hawaasi idil-addunyaa hatattamaan akka gidduu seenu waamicha dhiyeessan. Osoo seera baastonni walga'iisaanii hin eegalin dura, poolisiin naannoo Banaadir daandii gara gamoo paarlaamaatti geessu hunda cufaa turan. Ajajaan poolisii naannawa kanaa miseensonni paarlaamaa akka gara walga'ii hin seenne ugguraa jechuun ajaja ifatti dabarsan. Akka ajajaan kun jedhanitti, miseensonni poolisii isaanii yeroo aangoo dheeressuu waan jedhutti walii hin galan. Aangoon pirezidaantichaa Guraandhala darbe gaafa bultii 8, 2021 akka obba'etti beekna jedhan. Haata'u malee ajajaan poolisii kun yoggasuma hojiirraa hari'ame. Sababa hanqina hooggansaa fi rakkoo dimokiraasiitiin hookkara yeroo dheeraa keessa kan turte Somaaliyaan, bara kanas sababa filannoon harkifateef goolama siyaasaa keessa seenteetti. Biyyoonni addunyaa hedduunis Somaaliyaan hatattamaan filannoo gaggeessuu akka qabdu waamicha dhiyeessaa jiru. Jaarmiyaaleen idil-addunyaa kanneen akka UN fi Gamtaa Afriikaa akkasumas biyyoonni akka US, Kanaadaa fi biyyoonni Awurooppaa hedduun Somaaliyaan filannoodhaaf guyyaa dhumaa kaa'uu sababa godhachuun filannoo tursiisuurra filannicha gaggeessuuf murteessuu qabdi jechuun dhaaman.
Jaarmiyaaleen idil-addunyaa kanneen akka UN fi Gamtaa Afriikaa akkasumas biyyoonni akka US, Kanaadaa fi biyyoonni Awurooppaa hedduun Somaaliyaan filannoodhaaf guyyaa dhumaa kaa'uu sababa godhachuun filannoo tursiisuurra filannicha gaggeessuuf murteessuu qabdi jechuun dhaaman. Filannoon biyyaalessaa Somaaliyaa akkaataa adeemsa isaarratti waldhibdeen qaamolee dhimmi ilaallatu gidduutti mudateef jecha daddabarfamaa yoona ga'eera.
Walgaarreffannaan daangaa Itoophiyaafi Sudaan hanga maaliitti? Sudaaniif Itoophiyaan nannoo daangaa Alfaashiqaa lafa umamaan misoomaaf mijaawaa ta'etti erga gara wal dhabdeetti seenanii baatiiwwan lakkaa'amaniiru. Biyyoonni lamaan kunneenis sababii waldhabdee daangaa kanaatiin gara waraanaatti seennu akka hinbarbaannee ibsan illeen, warraanni biyyoota lamaan garuu yeroo garaa garaatti walitti bu'un ni dhagahama. Humnootiin Sudaanis lola Tigraayiitti dhalate hordofuun waraanni Itoophiyaa naannicha gadhisee wayita baheetti naannicha qabachunsaa oddeeffannoon waajjira haajaa alaa Itoophiyaa irraa argame ni hima. Maddi oduu Sudaan Tribune akka gabaaseetti, Bitooteessa 29, 2021tti milishoota Itoophiyaa 200 ta'an kanneen daangaa deebisiisuuf yaalan waliin waraanni Sudaan walitti dhukaasee, namoonni lama ajjeefamaniiru. Bitooteessa 23, 2021 ammoo loltoonni Sudaan hidhattoota Itoophiyaa irratti haleellaa raawwachuun meeshaa booji'uufi meeshaalee qonnaa fudhachuu maddi oduu kun gabaaseera. Haata'u malee walitti bu'iinsi daangaa biyyoota kanneen jidduutti jiraatulleen biyyoonni lamaanu dhimmicha mariin furuuf hayyamamoo ta'u ibsu. MM Itoophiyaa Abiy Ahmad Sudaan waliin lola akka hinbarbaannee yoo dubbatan, Sudaan gama isheetiin gaaffii jaarsummaa Gamtaa Araboota Emireetsiin (UAE) dhiyaate fudhattee jirti. Ofii waldhabdee daangaa Sudaaniifi Itoophiyaa maaltu harbeessaa? Sudaan waliigalteen Anglo-Itoophiyaa bara 1902 Alfaashiqaan kiyya ta'uu sirriitti mirkanneessa jetti. Haata'u malee, daangaan dheerina km 1,600 qabu sirriin hinsararamne waan ta'eef erga bara 1990ootaa kaasee milishoonni Itoophiyaa akka qabataniif dandeessiseera jetti. Pirezidaantiin duraanii Sudaan Omaar Al Baashir milishoonni Itoophiyaa wayita daangaa qaxxaamuruun galanuun namoota ajjeesan, wayita beelladoota qannaan bulaa saaman fi wayita namoonni ukkaamfaman xiyyeeffannaa hinkenniineef jedhamuun himatamu.
Sababii kanaanis qonnaan bultoonni Sudaan hedduun naannawa Alfaashiqaa gadhiisuun deemuuf dirqamuutu himama. Biyyoonni lamaanuu amma maaliif loltootasaanii daangaarratti bobbaasan? Miidhaa Muddee 15, 2020 hidhattoota Itoophiyaatiin loltoota Sudaan kanneen Alfaashiqaa eegaa turan irratti raawwachuun loltoota afur ajjeefamun, Kaaartuum loltootashee hedduu daanagaa irra akka qubachiiftu taasise. Torbaan lamaan booda ammo Muddee 30, 2020 Sudaan naannawa daangaa walfalmisiisaa gutummaatti to'achushee ibsite. Itoophiyaan ammoo wayita humna ishee olaantummaa seeraa kabachiisuuf gara naannoo Tigraayiitti sochooftetti, Sudaan naannawa Alfaashiqaa irratti weerara raawwachuun qabeenyaa qonnaan bultootaa heddu barbadeessuun lammiileen akka buqaafaman eeruun himatti. Kana malees waldhabdee kana duuba harka qaama sadaffaatu jira jechuun himatti. Bitooteessa 16, 2021 ammoo ajajjaan human Waraana Sudaan Leetanaal Janaraal Abdil Fattaah al Buriyaan, Itoophiyaan Alfaashiqaan kan Sudaan ta'u hanga hinamanneetti mariin kamiitu hingaggeeffamu jedhanii ture. Itti dabalunis ''Gama Itoophiyaatiin kun bulchiinsa Sudaan ta'uun fudhatama argatee daangaan hanga sararamuutti eenyu waliinu hinmarii'annu'' jechunsaanii dhagahame. Miidiyaaleen Sudaan walitti bu'iinsicha attamiin gabaasan? Ejansiin Oduu Sudaan (SUNA), buufannii TV biyyaaleessaa, fuulli facebook humna Ittisa Sudaan, waa'ee walitti bu'iinsa biyyoota lamaan jidduu jiru ofiisaanitiif yeroo baayyee gabaasu baatan illeen, waan midiyaalee dhunfaa Sudaan gabaasan ammoo yoo haalam hindhagahaman. Fuulli facebook humna Ittisa Sudaan wayita loltoonni biyyatti sirba gootummaa wayita meeshaa waraanaa mirmirsan saaqamee waliin sirban kan tamsaasu mul'isa.
Guraandhala 11, 2021tti wayita Leetanaal Janaraal Yaasiin Al Ataa Alfaashiqaa daawwanatanitti loltoonni naannicha turan ''lafa Sudaan taakkoo takka irrattilleen abdii hinkutatiinaa'' jechuun dubbataniiru. Fayyadamtoonni midiyaalee hawaasaa Sudaan ammoo Itoophiyaan Alfaashiqaa weerarte, Masriin ammoo kan albudaan badhaadhee Yaalaayub Tiriyaang qabattee jechuun barreessu. Itoophiyaanonni waa'ee waldhabdee daangaa akka Sudaanotaatti ballinaan hingabaasan. Yeroo baayyees fayyadamtoonni miidiyaalee hawaasaa Itoophiyaa kan eeran miidiyaalee Sudaan. Buufata TV biyyaaleessaas ta'e midiyaaleen motummaa deeggaran kan biraa, ejjannoo aanga'oota motummaa dhimma daangaa irratti mari'achuun dursa ''Sudaan bakka turteetti haa deebitu'' jedhu yoo eeran mul'atu. Miidiyaan biyyaaleessaa Ertiraas pirezidaanti Isaayaas Afawarqii eeruun Itoophiyaafi Sudaan waldhabdee daangaa isaanii ''haala tasgabaa'een akka hiikaniif'' gaaffachuu gabaaseera. Sudaan, Ertiraan loltoota Itoophiyaa gargaaruuf naannawa daangaatti waraanashee bobbaafte jechuun himatti. Walitti bu'iinsi daangaa ka'uuf carraa hangamiitu jira? Ammatti carraan Itoophiyaafi Sudaan sababii waldhabdee daangaatii gara waraanaatti galuu gadaanaadha. Biyyoonni lamaanuu dhabiinsa tasgabbii keessootiin jeeqamaa jiru. Waraanni Itoophiyaa lola Sadaasa 04, 2020 Tigraayiitti eegalameen kan qabameedha. Akkasumas halleellaawwan irra dedeebiin naannoolee Oromiyaaafi Beenishaangul Gumuziitti gaggeeffaman to'achuufis yaalii taasisaa jiru. Itoophiyaan lolli Sudaan waliin gaggeeffamu tarii hambaalee TPLF hidhachiisuun dahannoo akka hinkenniineef sodaatti. Sudaan ammatti lammiilee Itoophiyaa lola baqachuun gara biyyatti galan kuma 70 ta'an keessummeessaa jirti. ''Sudaanis ollaashee Itoophiyaa waliin wal waraanuuf ammatti rakkoo cimaa mataashe qabdi.
''Sudaanis ollaashee Itoophiyaa waliin wal waraanuuf ammatti rakkoo cimaa mataashe qabdi. Itoophiyaanis Sudaaniin wal waraanuuf rakkoolee keessoo hedduu qabdi'' jedhan MM Abiya Bitooteessa 23 wayita haasaa paarlaamaatti taasisaniitti. Sudaan erga Baashir aangoorra buufameen asi waggoota lamaaf rakkoo cimtu keessatti argamti. Biyyattiin rakkina cimaa dinagdee keessa galuun walqabatee dhiheenya kanas lammiilee qaala'iinsa gatii meeshaalee bu'uraa irratti mormiin Daarfuuriitti gaggeeffamee ture. Weerarri Covid ammoo rakkina biyyatti cimaa biraati. Dhiibbaan naannicha irratti qabaatu jiraa? Itoophiyaan haala hidhi guddichi Abbayyaa bishaaniin itti guutamurratti Sudaaniif Masrii waliin waliigaltee irra hingeenye. Biyyoonni sadan bara 2011 irraa kaasee waliigaltee guutuu irra waliin hingeenye. Sudaan dhimma hidhichaarratti walaba taatee turtulleen amma erga waldhabdeen daangaa umameen booda garuu ejjannooshee geeddartee jirti. MM Abdallaa Hamdook lammiilee Sudaan lagicha hordofanii jiraatan miliyoona 20f ijaarsi hidhichaa 'yaaddoodha'' jedhan. Masriin gaaffii Sudaan akka UN, Gamtaan Awurooppaa, Ameerikaafi Gamtaan Afriikaa jaarsummaa taa'aniif gaafatte yoo deeggartu, Itoophiyaan ammoo mormitee jirti. Sudaaniifi Masriin ammoo Bitooteessa 2, 2021tti waliigaltee loltummaa taasiisuu kan waliin mallatteessan yoo ta'u, kunis walitti dhufeenya biyyoota lamaan kan yeroo kamii caalaa cimaa dhufu kan mul'isu ta'ee ni eerama.
Maayik Soonkoo: Ka'umsaafi kufaatii bulchaa duraanii magaalaa Naayiroobii Bulchaan duraanii magaalaa Naayiroobii, Maayik Soonkoo, haala hin eegamneen kabaja qaba ture dhabuu qofa osoo hin taane, maallaqa seeraan ala daddabarsuufi shororkeessummaa dabalatee himannaawwan yakkaa ciccimoo irratti dhiyaataniiru. Ofii Maayik Soonkoo eenyu? Haala attamiin qondaaltoota siyaasaa Keeniyaa jajjaboo keessaa tokko ta'uu danda'e? Jireenya qananii, uffata addaafi faayaa gati jebeessa godhachuun kan beekamu Gidiyoon Mbuvi Kiyooko, boodarra maqaa masoo Maayik Soonkoo jedhamu argate. Hiikkaan maqaasaa kunis afaan Swaahiliin, nama sooreessa jechuudha. Maqaan kunis kan kennameef erga deeggartoota isaa Naayiroobii kan manadaroota namoonni jireenya gadaanaa keessaaf ifatti maallaqa hireefiin booda ture. Osoo siyaasatti makamuun maqaa kana hin argatiin dura, bara 1990moota keessa dhimma lafaatiin walqabatee hidhamee ture. Eegdoota mana hidhaatiif [matta'aa] kennuun mana hidhaatii bahee badulleen, qabamuun akka deebi'u taasifamee ture. Erga mana hidhaatii gadhiifamee booda ammoo daldala cimaa kan akka dhaabbata konkolaataa magaalaa (mataatuu), kaampaanii riil isteetiifi manneen shubbisa alkanii (night club) Naayiroobii keessatti eegalee gaggeessa ture. Achiin maallaqa argannaan gara siyaasaatti makame. Maayik Soonkoon umurii waggaa 35tti bara 2010 keessa miseensa mana maree ta'e. Namni kun bara 2017tti bulchaa Naayiroobii osoo hin ta'iin waggaa sadiin duras seenaatara ta'ee ture. Gama barnootaatiin hanga sadarkaa lammaffaa qofaatti kan barate ta'ulleen, magaalattii ni jijjira jedhamuun hedduu abdatamee ture. Akkaataa duraan barameen alatti karaa mataa isaa rakkoo magaalattiin qabdu hubachuun furmaata fiduu mala jedhamaa ture.
Namoota dandeettii isaa shakkan amansiisuun karoora guddaa magaalattii jijjiiruuf qabate hojiirra oolchuudhaaf hogganaa kaampaanii boba'aa kan ture bulchaa itti-aanaa godhatee ture. Uffata dambii loltootaa Soonkoon akkuma guddinni isaa ajaa'iba ture kufaatiin isaas akkasuma kan nama raaju ture. Muddee darbee keessa naamusaa badaafi aangoo akka hin malleen itti fayyadamuutiin akka buqqifamuuf himanni irratti baname. Akkasumas, himannaawwan malaamaltummaa, doorsisaafi hidhata yakka shororkeessummaa jedhan mana murtiitti irratti dhiyaatan. Inni garuu himannaa irratti dhiyaatan hundumaa haaleera. Kana malees, kontiraatota haala idilee ta'een ala hiriyoota isaatiif kennuun maallaqni shilingii miliyoon 300 akaawuntii dhunfaa isaa keessatti argameera jedhamunis himatameera. Dhiheenya kana ammoo milishaa mindeessuufi hidhachiisuun, uffata dambii gareewwan shororkeessitootaa waliin wal fakkaatu bituufi sochiilee shororkeessummaatiif deeggarsa taasisu jedhamee himatameera. Uffanni loltuu guutuun inniifi eegduun dhuunfaa isaa walgahii ummataa irratti uffatanii turan, kan inni booda fuulawwan midiyaa hawaasaa irratti maxxansees dhimmoota isarratti dhiyaatan keessatti argamu. Soonkoon yoom mana murtiitti akka dhiyaatu beekamuu baatulleen, himannaawwan irratti dhiyaataa jiran kaan kan bara 2019 raawwataman jedhamaniidha. Inniifi deeggartoonni isaa garuu himannaawwan kunneen kaayyoo siyaasaa kan qabaniif isa soodaachisuuf kan raawwatame jedhu. Walitti dhufeenyi inni warra aangoorra jiru waliin qabus gaarii hin turre. Bara 2014 keessa Naayiroobiitti wayita aanga'oonni biyyaaleessaa manneen jireenyaa lafa mootummaa irratti ijaaraman jedhan diiguuf buldozarii erganitti, yeroo sana Senaatara kan ture Soonkoon fiigee bakka sanatti argame. Namoonni muraasni wayita qabeenyaan isaanii dachiitti makamu abdii kutannaan ilaalaa turan.
Soonkoon sagalee guddiiftuu irra kaa'uun, Pirezidaantii Uhuruu Keenyaataaf bilbila bilbiluun, akkas jedheen: ''Kabajamoo pirezidaantiin as Baalozii keessatti manneen shilingii biiliyoonoota baasan diigamaa jiru,'' jedhe. Baaloziin kutaa bulchiinsaa tokko Naayiroobii keessatti argamudha. Pirezidaantichis, ''Eenyuutuu diigaa jraa?'' jechuun gaafatan. "Ministira qonnaati... Waajjira isaatti xalayaa barreessee innis akka kana hin raawwanne naaf mirkaneessee ture. Innis amma asi jira garuu manneen diigamaa jiru," jedhe Soonkoon deebiise. Pirezidaantichis nan dhaabsiisa jedhe. Namoonni walitti qabamanii turanis gammachuun wacan. Yeroo gabaabduun booda ministirichis hanga waldhabdeen laficharraa hiikamuutti diiguu akka dhaabsiisuuf ajaja fudhate. ''Pirezidaantichi hiriyyaa kiyya. Waanan isatti amantaa qabuufan sagalee guddiftuu irra isa kaa'e. Inni addunyaarratti pirezidaantii akka salphaan argamuudha,'' jedhe Soonkoon. Dhiibbaafi aanga'oota akka salphaatti waan argatuuf Soonkoon gara waggoota shaniif siyaasa keessa ture. 'Ani duraan yakkamaafi hidhamaan ture' Soonkoon imalasaa siyaasaa bara 2010 wayita paarlaamaaf dorgomeetti eegale. Siyaasa keessatti qaamaan beekamu baatulleen, waan sooreessaafi uffata faayame uffatuuf, akkasumas maallaqasaa dhangalaasuuf haaluma salphaan filannicha mo'ate. Haata'u malee, Mr Soonkoo amaloota naamuusaan ala ta'an agarsiisuuf yeroo baayyee qeeqamaa turan. Bara 2011tti, akka miseensa mana maree haaraatti lootii gurraafi manatsarii kaawwachuusaatti paarlaamaadhaa baafamee ture. Yeroo sana, "Ani kanaan bakka bu'e dargaggoota na filatanidha," jechuun BBCtti himee ture. Fiixaan bahuu baatulleen dambii uffannaa paarlaamaa geeddaruuf akka qabsaa'u dhaadates ture.
Sochiiwwan akka miseensa paarlaamaatti taasisuun alattis, yeroo tokko tokko haasaa dhunfaa isaa waraabuun midiyaa hawaasaa isaarratti maxansaa ture. Kanaanis maqaa ''artistii waraabbii'' jedhu argateera. Wayita weerarri koronaavaayirasii Keeniyaa galeettis, namoota harka qalleeyyii Naayiroobii keessa jiraataniif deeggarsa nyaataa kenneera. Dabalataan ammoo qaruuraawwan dhugaatii 'Hennessy cognac' waliin hiruu isaatiifis qeeqamee ture. ''Alkooliin koronaavaayirasii ajjeessuu keessatti gahee olaanaa akka qabu waanan amaneef,'' jedhe. Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa ammoo dhugaatiin alkoolii sirna dandamannaa akka dadhabsiisuu akeekachiseera. Akkasumas galmeen yakkaa duraa isaa dhimma amanamummaa isaarratti goodaannisa qabaachuu namoonni ni kaasu. Bara 2011tti Koreen Buulchiinsa Haqa Keenyaa, waajjirri komiiwwan dhaabbileefi waajjiraalee ummataa qoratu, Soonkoo namoota siyaasaa rakkina amanamummaa qabuu jedhan keessatti ka'ee ture. Haata'u malee, Mr Soonkoon kana hin fudhanne. ''Qeeqxoonni kiyya akka yakkamaatti na ilaalu... eeyyeen duraan hidhamaafi yakkamaan ture. Har'a garuu bulchaa magaalaa guddoo kanaati,'' jedhe bara 2019tti. 'Magaalattii gaggeessuu hin dandenye' Mr Soonkoon bara 2017tti wayita aangoo qabate, magaalattiin gonkumaa akka duraan turtetti hin haftu jechuun waadaa galee ture. ''Jiraattoota keenya hundaaf tajaajilawwan yeroofi gahumsa qabu mirkanneessuuf alkanii guyyaa nan hoijjadha,'' jedhe. Haata'u malee, ammalliifi naamusa inni agarsiisu, akkasumas haalli adeemsa hoggansaa isaa qondaaltoota magaalattii hedduun itti fufiinsaan akka hojii gadhiisan taasise. ''Soonkoon attamiin akka caasaa idilee mootummaa itti hogganan hin beeku. Haaluma diraamaa ittiin dhufeen deebiyee gadhiisaa jira,'' jedhan miseensi mana maree Isaaq Mwaawuraa booda keessa.
Haaluma diraamaa ittiin dhufeen deebiyee gadhiisaa jira,'' jedhan miseensi mana maree Isaaq Mwaawuraa booda keessa. Soonkoon bulchaa ta'ee hojiiwwan kaawuntii hanga tokko mootummaa biyyaaleessaatti dabarsee ture. Haata'u malee, tibba waliigalteen kun mallatteeffamuutti mana murtii akka waajjira hin senee dhorkuuf ajaja itti baasee ture. Kana malees, haangoorraa kaasuuf himannaa irratti dhiyeessuuf dhaadatee ture. Mr Soonkoon jalqabarratti aangowwan isaa muraasa fedhii isaatiin dabarsee kennuullee deebiisee argachuuf garuu yeroo baay'ee wal lolaa ture. Pirezidaant Uhuruu Keeniyaataa bulchaan magaalaa kun bulchuu dadhabnaan gargaaraan kennameef jedhan. ''Hiriyaaa kiyyaa Soonkoo gargaarsa yoo barbaaddee nama si gargaaru siifan arga ittiin jedheera. Garuu inni waa'ee hojiiwwan hojjadheera jedhe akka ittisaafi maqaa of guddiisuutti kaasuu irratti xiyyeeffate,'' jedhan. Kana malees, sababii dadhabiinsa hojii isaatiifi adeemsa oggansa yakkamaa inni hordofuufan anatu Soonkoon akka kaafamu yaada dhiyeesse jedhan. Kunis kanneen bulchiinsa Soonkootti amananiifi jijjirama qabatamaa eegaa turaniif waan aarsuudha. Innis tajaajilawwan fooyya'oo kan akka lafa mootummaa fudhataman deebiisiisuufi daandiiwwan ijaarsiisuu waadaa galee ture. Haata'u malee, itti-gaafatamummaan isaa sun hudni hafuun, himannaawwan fuldurasaa jiran hedduuf qophaa'uuf yeroo heddu qaba.
Waa'ee magaala Benishaangul hidhattoonni to'atan jedhamte hanga ammaa maal beekna? Naannoo Benishaangul Gumuz godina Kamashii keessatti kan argamtu magaalli Diizaa jedhamtu hidhattootaan guutumaan guututti to'atamuushee komishiniin poolisii naannichaa himeera. "Humni nageenyaa keenya bittinnaa'ee bosona keessa jira. Raayyaan ittisaa akka seenuf walin haasofneerra," jechuun BBCtti himan Komishinarri itti aanaa Poolisii Naannoo Benishaangul Gumuz Misgaanaaw Injifataa. Komishiniin Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa ibsa kaleessa galgala baasen, aanaan magaalli Diizaa keessatti argamtu aanaan Seedaal haala gutumaan guututti jedhamuu danda'uun hidhattootaan to'atamuushee hime. "Angawoonni mootummaa aanichaa, kan godinaa, hojjettoonni waajjiraalee mootummaa ajjeefamuufi butamuu odeeffadheera" jechuunis komishinichi yaadda'uusaa beeksise. Aanaa Seedaal irraa baqatanii yeroo ammaa magaala Mandiitti kan argaman Obbo Taklee Tibbaa Kibxata darbe oboroo naannoo sa'aa 11 dhukaasni eegaluusaa BBCtti himan. "Kibxata ganama sa'aa 11tti dhukaasni eegalame. Gaafa lolli jalqabamu nuti mana keessa turre. Sa'aa lamaa hanga sadii kan ta'uf lolli erga taasifamee booda qaamni eenyummaansaa hin beekkamne manaa manatti ol galuun uummata gadi baasun isa kaan ni ajjeessa, isa kaan immoo ni qala" jedhan. Magaalicha keessaa hoteela akka qaban kan himan Obbo Takleen, hidhattoonni kun gara qe'ee hoteelichaa seenun namoota kutaalee ciisichaa keessa turan kudhanii ol fudhatanii deemuu isaanii himan. "Manakoofi konkolaataa qe'eekoo keessa jiranitti ibidda erga qabsiisanii booda ani karaa boroo cabsee mucaakoofi hojjettootakoo na walin jiran fuudhee bosonatti baqadhe" jechuunis akkatti miliquu danda'an himu. Obbo Takleen haadha warraa isaanii, mucaa isaanii akkasumas namoota isaan biratti hojjechaa turan sadi walin miliquu isaanii dubbatan.
Jiraataan biraan BBCn haasofsiisefi maqaan isaanii akka hin eeramne gaafatanis, lubbuun namoota 'heddu' darbuu himu. Lola humnootii mootummaa walin taasifame… Hidhattoonni magaala Diizaa weeraran kunneen oboroo sa'aa 11 irraa eegalee hanga ganama naannoo sa'aa afuriitti humnootii mootummaa walin walitti dhukaasaa akka turan jiraattonni magaalattii himu. Humni hidhate kun caasaa nageenyaa mootummaa naannichaa injifachuun magaala aanaa Seedaal kan taate Diizaa to'achuusaa kan himan Komishinarri Ittaanaa poolisii Naannoo Benishaangul Gumuz Misgaanaaw Injifataa, hanqinni humna namaa poolisii humna addaa naannichaa akkasumas hanqinni meeshaalee waraanaa hidhattootaan injifatamuu qaamolee nageenyaaf sababa ta'uu himan. Miidhaan jiraattota magaalichaa, humnootii nageenyaafi qabeenyarratti qaqqabe hangam akka ta'e hanga ammaa akka hin baramnes dubbataniiru. Uummanni iyyachaa ture… Jiraattonni aanaa Seedaal haleellaan hidhattootaan raawwatamuuf akka ta'e dursanii odeeffannoo dhagahuu isaanii himu. "Uummanni sodaatee 'raayyaan Ittisaa nuf yaa galu' jedhee kan iyyate ammaa miti. Garuu raayyaa Ittisaa maalif galchuu akka dhiisan namaaf hin galu. Utuma humni isaanii cimaa ta'uu beekanu ciisan" jedhu jiraataan aanicharraa baqatan. "Jarri kun dhufaa jiru adaraa qaamni seeraa olaanaan nuf yaa seenu jennaan 'humna keenyaa ol miti' jedhanii beekaa nu ficcisiisan. Kanaaf eenyutti iyyanna? Mootummaatu nu ficcisiise. Kana keessaa siyaasa maalii akka ragatan hin beeknu" jedhu jiraataan kun. Komishinarri itti aanaa poolisii Naannoo Benishaangul Gumuz Misgaanaaw Injifataa gama isaaniitin "xiinxala ragaa diinaa taasisnee humna nageenyaa keenyaa ol ta'uusaa gamaggamnee qaama dhimmi ilaaluuf gabaasnerra.
Kana malees poolisii naannichaafi milishaa walin ta'un humnichi gara magaalaa akka hin seenne hojjechaa turre" jedhan. Haata'u malee lola Kibxata ganama hidhattootaafi humnootii mootummaa walin taasifameen qaamolee nageenyaarra miidhaan cimaan qaqqabuu himan. "Bulchaa aanichaa dabalatee caasaan mootummaa aanichaa hundi bittinnaa'ee magaalichi gutumaan guututti to'annoo humnootii farra nageenyaa keessa jira" jedhan. Kana malees lubbuu namootaa darbeefi miidhaa qaqqabe ilaalchisee hanga ammaatti odeeffannoo argachuu akka hin dandeenye Komishinarri Ittiaanaa Misgaanaaw Injifataa BBCtti himaniiru. Hidhattoonni kun eenyu? Jiraattoonni aanaa Seedaal irraa buqqa'an kan BBCn haasofsiise eenyummaa hidhattoota kunneenii akka hin beekne, haata'u malee kanneen afaan Gumuz dubbatan ta'uu himu. "Uummata maalif akkas akka godhan hinbeeku. Siyaasa kamiif akka fayyadu hin beeknu" jedhu jiraataa aanichaa kan ta'an Obbo Taklee Tibbaa. Hidhattoonni qe'eesaanii seenun namoota butanii fudhatanii deeman meeshaa waraanaa haalaan kan hidhatan ta'uu himu. Jiraataan aanaa Seedaal keessaa baqatan inni biraan jiraattonni aanichaa kan isaan beekan hidhattoota walin ta'uun saamicha raawwachuusaanii dubbatan. Komishinarri itti aanaa poolisii naannoo Benishaangul Gumuz Misgaanaaw Injifataa humni hidhate kun GUHDEN jedhamuun kan beekkamuufi kanaan dura dhaaba siyaasaa filannoo biyyaalessaa shanaffaa irrattillee kan hirmaate ta'uu himan. "Hidhattoota GUHDEN malee dargaggoonni aanaa Seedaal keessa sababoota garaagaraan muufatan haleellicharratti hirmaachusaanii ragaa qabna" jedhan. Galmi qaama hidhate kanaas aangoo humnaan qabachuu akka ta'e komishinarri itti aanaa Misgaanaaw Injifataa himaniiru. Qaamni hidhate kunis ajjeechaawwan naannicha keessatti irra deddeebin raawwatamaa turaniif komatamaa turuunsaa ni yaadatama.
Qaamni hidhate kunis ajjeechaawwan naannicha keessatti irra deddeebin raawwatamaa turaniif komatamaa turuunsaa ni yaadatama.
Naannoon Amaaraa alaabaa naannichaa maaliif jijjiiruu barbaade? Bitootessa 13, 2021, Manni Maree Naannoo Amaaraa labsii alaabaa naannichaa jijjiiruuf qophaa’e raggaasisee ture. Pirezidantiin naannichaa Obbo Aganyahuu Tashaagar fuula tiwiitara isaanii irratti akka barreessanitti alaabaan waggootaaf ture akka jijjiiramu manni maree sagalee guutuun murteesseera. Alaabaan naannichi yeroo ammaa ADWUI’n aangootti erga dhufe booda eegalee fayyadamaa ture si’achi ji’a jaha qofaaf tura jedhameera. Alaabaan naannichaa kuni bifaan alaabaa naannoo Tigraayitti dhihaata. Dabalataan, hanga paartiin Badhaadhinaa waggaa darbe hundaa'utti alaabaan naannichaafi kan paartii naannicha bulchu tokkuma. Alaabaan naannichi amma akka jijjiiru ibse caasaa mootummaatti malee ummanni naannichaa gara caalu alaabaa Itoophiyaa asxaa hin qabne akka qabatee bahu kana dura qondaalli naannichaa BBC'tti himaniiru. Mootummaa Federaalawaa Itoophiyaa keessatti naannoleen hunduu alaabaa ofi ni qabu. Yeroo mirmirsanis alaabaa biyyaa biratti fannisu. Haata’u malee, yeroo dheeraaf dhimmi alaabaa dhimmoota siyaasa Itoophiyaa keessatti waldhabdeef sababa ta’an keessaa tokkodha. Miidiyaan naannichaa akka gabaasetti alaabaan amma jiru ‘’aadaa, duudhaa akkasumas xiin sammuu Amaaraa hin ibsu’’ jedhameera. Dabalataan alaabaan amma jiru ‘paartii tokko malee ummaticha bakka hin bu’u’ jedhameera. Sababa kanaaf, alaabaa ummata Amaaraa bakka bu’u qophaa’e akka dhihaatu yaadni jedhu mana maree naannichaan dhihaateera. Pirezidantiin naannichaa Obbo Aganyachuu Tashaagar alaabaan haaraa dhihaatu ‘’xiinsamuufi seenaa’’ ummata Amaaraa kan ibsudha. Miseensonni mana maree naannichaas ‘ummata bakka hin bu’u, yaadni garaa garaa irratti dhihaataa ture, turuus murteen ammaa sirriidha,’ jechuu isaanii miidiyichi gabaaseera.
Manni Maree Naannoo Amaaraa ji’oota jaha dhufan keessatti qorannoon taasifamee akka hojiirra oolu murtesseera. Itoophiyaan ammayyaan bara Mootii Miniliik II erga hundoofte eegalee alaabaan itti fayyadamtu magariisa, keelloofi diimaa ta'us yeroo kaan leexaa isaa yeroo kaan immoo mallattooleen garaa garaa irratti bocamaa turan. ADWUI'n aangoo qabatee hanga heerri bara 1995'tti tumamutti alaabaa magariisa, keelloofi diimaa asxaa homaa hin qabne hojiirra oolaa ture. Erga heerri bahe booda garuu urjiin kan irra kaa'ame yoo ta'u kunis 'walqixxummaa sabaafi sab-lammoota' biyyattii keessa jiranii ibsuuf akka ta'e ibsame. Ta'us, isa boodallee biyya keessaafi alattillee alaabaan urjii ofiirraa hin qabneefi gosoonni kaanis namoonni yeroo mirmirsan mul'ata. Keessumaa bulchiinsi MM Abiy Ahimad aangootti yeroo dhufe ummanni alaabaa fedhe bilisummaan akka mirmirsu carraa kan kenne ture. Ta'us, madda waldhibdee ta'urraa hin hafne. Keessumaa hanga ammaattii naannoo Amaaraatti alaabaan asxaa urjii ofirraa hin qabne ummanni yeroo bal'inaan yeroo itti fayyadamu ni mul'ata. Dhimma kana irratti kan dura kan gaafataman Dubbii Himaan duraanii Naannoo Amaaraa Obbo Nigusuu Xilaahun 'Waa'een alaabaa maree uummataa barbaachuunsaa hinoolu' jedhanii BBC'tti himanii turan. Alaabaan Itoophiyaa asxaa hin qabne keessumaa naannichatti ayyaana amantiilee gara garaafi sagantaalee hawaasaa kaanirratti bal'inaan hojiirra oola. Kan asxaa qabu garuu waajjiraaleefi sagantaalee mootummaan qopheessuurratti dhihaata ture. "Ummanni kun alaabaa kana barbaade qabatee bahuunsaa, alaabaa isa heeraan ka'amee sana ilaalchisee uummata naannoo keenyaa waliin akka gaariitti waliigalteerra gahu dhabuu keenya kan nuuf ibseedha,'' jedhanii turan.
"Ummanni kun alaabaa kana barbaade qabatee bahuunsaa, alaabaa isa heeraan ka'amee sana ilaalchisee uummata naannoo keenyaa waliin akka gaariitti waliigalteerra gahu dhabuu keenya kan nuuf ibseedha,'' jedhanii turan.
Jawaar fa'a Laandimaarkittis 'nyaata hin nyaannu, qoricha hin fudhannu' jedhan Nyaata lagachuun mana hidhaa keessatti mormii isaanii dhageessisaa kan jiran hooggansi dhaaba KFO Obbo Jawaar Mohaammad, Obbo Baqqalaa Garbaa fi Obbo Hamzaa Adaane waldhaansaaf hospitaala Laandimaark erga seenanii guyyoonni lama darbaniiru. Lagannaa nyaataa guyyoota 36 dura eegalan waan itti fufaniif fayyaan isaanii miidhamuu hakiimonni dhuunfaa isaanii himanii turan. Muggutiiwwan dhaddachaa hedduu booda Mana yaalaa duunfaatti akka waldhaanaman Manni Murtii murtee dabarsus hanga har'aatti nyaata lagachaa jiraachuu abokaatoon isaanii himaniiru. Abukatoo hidhamtoota kunneen keessa tokko kan ta’an Obbo Tulii Baayi’saa ''hanga ammaatti yaalii fi qorannoo adda addaa taasisuu irraa kan hafe qoricha ykn wal’aansa hin eeggalle'' jechuun BBCtti himaniiru. Hidhamtoonni kunneen ammallee lagannaa nyaataa itti fufanii akka jiranis ibsaniiru. ''Har’a ammo hospitaalichi eegdoota ykn qamoolee nageenyaa mootummaa achi buufatan waliin walii galuu akka hin dandeenye itti himuu'' Obbo Tuuliin ni himu. “Ogeessotaa fayyaa keenya rakkisaniiru, eegdonni kun akka oggeessonni fayyaa kun sirnaan galanii hin bane godhaniiru jedhu,” jechuun hidhamtoota akka komii dhiyeessan Obbo Tuuliin dubbataniiru. “Kana malee ammo oggeessoti fayyaa keenya qoricha isaan qabatanii ol seenan, kun sirrii miti qoricha akkanaa malee kana fuutanii hin seentan jedhu.” ''Kutaa ICU bakka namni hedduu miidhame itti wal’aansa argatu keessa loltuun qawwee qabatee keessa taa’a, achis waliin bula. Kuni ammo mirga keenya hedduu dhibee jira kanaaf nutti hin tolle gara mana hidhaatti nu deebisaa jechuun wal’aansa addan kutanii ka’anii turani,“ jedhu. Ta’us garuu boodarra mana hidhaa Qaallittii irraa hoggantoonni dhufuun hidhamtoonni kunneen mana yaalaa keessatti komii isaan dhiyeessan dhaga’uun qaama ilaallatutti ni dhiyeessina jedhaniini deebi’ani jedhu.
Ta’us garuu boodarra mana hidhaa Qaallittii irraa hoggantoonni dhufuun hidhamtoonni kunneen mana yaalaa keessatti komii isaan dhiyeessan dhaga’uun qaama ilaallatutti ni dhiyeessina jedhaniini deebi’ani jedhu. Amma akkanumaan eeggachaa jiru jedhu. Kibxata waree booda erga hospitaala seenanii hanga ammaatti qoricha homaa hin barbaannu waan jedhaniif wal’aansi kennameef akka hin jirre abukaatoon kun ibsaniiru. Obbo Tuliin akka jedhanitti hidhamtoota kanaaf qorannoo laabraatorii adda addaa erga taasifame booda oggeessotni fayyaa haala gaarirra akka isaan hin jirre itti himuun nyaata nyaachuu fi qoricha fudhachuu akka eegalaniif gorsa kennanis isaan garuu ''haalli keenya mana hidhaarra asitti nutti hammaate'' jechuun didaniiru. Namootni siyaasaa kun ''Hidhamtootni siyaasaa Oromoo hunduu hidhaa haa gadhiifaman, waajiraaleen dhaabbilee siyaasaa banamanii hojiitti haa deebi'an fi maatii hidhamtootaa rakkisuun haa dhaabatu'' gaaffilee jedhaniif deebii argachuuf nyaata lagachuu eegalan. Obbo Jawaar fi obbo Baqqalaa dabalatee namootni siyaasaa hedduun bariituu Art. Haacaaluu Hundeessaa ajjeefameefi guyyoota muraasa sana booda turan keessatti hokkora kaasuu, shororkeessumma fi yakkoota biroon shakkamanii hidhaman. Obbo Jawaar fa'a irratti himata Abbaan Alangaa Federaalaa dhiyeesse 10 keessaa jaha torbanoota dura Mana Murtiin kufaa godhameera. Obbo Baqqalaan fa'is dhimmi hidhamaniif siyaasa ta'uufi tooftaa filannoorratti akka isaan hin hirmaanne godhame malee yakka raawwatan akka hin qabne irra deddeebiin Mana Murtiitti muggutaa turan. Dhaabni isaanii KFO'niifi ABO hooggansiifi miseensi isaanii hedduun mana hidhaa osoo jiraniifi waajiraaleen isaanii bakka heddutti cufamanii osoo jiranii filannoo biyyaalessaarratti hirmaachuuf kan rakkatan ta'uu ibsuun murtee hirmaachuu hin dandeenyu jedhurra gahaniiru.
Somaaliyaan haleellaawwan hidhattootaan yeroo garaa garaatti gaggeefamuun lammiileefi dinagdee ishee hedduu dhabaa kan jirtu yoo ta'u, mootummaa bira dhaabbachuuf lolaa kan turan loltoonn Ameerikaas jalaqaba bara kanaatti akka biyyattii bahan taasifamun isaas ni yiaadatama.
Filannoo Itoophiyaa: 'Motummaan filannoo taajjabuuf Gamtaa Awuroppaa fi Ameerikaaf waamicha dhiyeesseera' Dura Teessuun bordii Filannoo Itoophiyaa Birtukaan Miidhaqsaa filannoo dhufu keessatti taajjabdoonni idil-addunyaafi biyya keessaa hedduun akka hirmaatan himan. Aadde Birtukaan kana kan himan, marii dhaabbanni walabaa dhimmoota idil-addunyaa 'Chaathaam' jedhamuufi Landaniitti bu'uureffate kaleessa dhimma filannoo Itoophiyaa dhufuu irratti karaa intarneetiin qopheesse irratti dubbatan. Maricha irrattis Aadde Birtukaaniin dabalatee, Abbaa Alangaa Waliigalaa Itoophiyaa Dr Geediyoon Ximootiyoos, dura taa'aa paartii Dimokraasii Hawaasummaa Itoophiyaa Piro. Bayyana Peexiroos, fi dura taa'aa Izeemaa Piro Birhanu Naggaa hirmaataniiru. Aadde Birtukaan taajjabdoota affeerruun hojii boordichaa ta'u baatulleen, filannoo Covid-19n dura gaggeeffamuuf ture irratti akka hirmaataniif mootummaan US fi Gamtaa Awurooppaatiif waamicha dhiyeessee ture jedhan. Filannoo dhuma Caamsaa gaggeeffamuuf yaadame irratti hirmaachuuf waldaaleen sivikii 170 ol iyyata galfachuus himaniiru Aadde Birtukaan. Galmeen kaadhimamtootaa baatii Guraandhala ALI 8, 2013 tti kan eegalamu ta'u himuun, kunis tibba paartiileen duula na filadhaa gaggeessaniiti jedhan. Dula na filadhaa gaggeessuufi galmeen wal-hin dha'uu? jechuun kan gaafatama dura teessuun kun, ''siriiyyuu filannoowwan kana dura gaggeeffamaniin haala adda ta'een filattoonni duula na filadhaa paartiileetiin jajabeeffamanii akka galmaa'an taasisa'' jechuun deebii kennan. Qopheessitoota mariichaatii gaaffiin 'filannoo dhufaan paartileefi midiyaalee sabaa himaatiif waltajjii sirratee ni qabaataa?' jechuun dhiyaateef, ''kana fiixaan baasuuf barbaachisummaan qaamoolee hundi (paartileefi midiyaalee dabalate) waliin hojjachuu kan shakkisiisu ta'u baatulleen, boordiin keenya kana mirkanneessuuf yaalaa jira'' jedhan.
''Filannoo dhufaan kan kana duraa caalaa dimokraatawa ta'a amantaa jedhuun qaba'' kan jedhan ammo Abbaa Alangaa Waliigalaa Itoophiyaa Dr Geediyoon Ximootiyoos turan. ''Rakkooleen adda addaa akka nu mudatan eegnulleen, filannoo dhufaan filannoowwan biyyattiin kana dura gaggeessite caalaa haqa qabeessaafi bilisa ta'a jedheen amana'' jedhan. Waa'ee Naannoo Tigraay Boordiin filannoo biyyaaleessaa filannoon Caamsaa dhufu gaggeeffamuuf karoorfame Naannoo Tigraayiitti kan hingaggeeffamne ta'u ibsuun isaa ni yaadatama. Mijaa'inni haalaa hubatamee yeroon kan bahuuf ta'u himee ture boordichi. Dhimma kana ilaalchiisuun gaaffii hirmaattoota marichaatiin ka'eef deebii Dr Geediyoon kennaniin ''lolli naannoo Tigraayiitti ta'ee filannoo dhufaa irratti dhiibbaa ni qabata jedhee hinamanu'' jedhan. Itti dabaluunis ''Erga filannoo sadarkaa biyyaaleessaatti gaggeeffameen booda, baatii muraasaan booda naannoo Tigraayiitti gaggeeffamuun rakkoo omaa hinqabaatu'' jedhan. Labsiin yeroo muddamaa naannicharra kaa'amee erga ka'een booda filannoon Tigraayitti gaggeeffamu akka danda'u himan. Qondaaltoota siyaasaa hidhaarra jiran Gaaffiiwwan abbaa Alangaa Waliigalaa kanaaf dhiyaatan keessaa tokkoo ''Jijjiramichi daandii sirriirra jira jettee yaaddaa?'' kan jedhu ture. Dr Geediyoonis ''Eeyyeen ammalleen jijjiramichi daandii siirrrratti argam jedheen aman'' jechuun deebii kennan. Waa'ee hoggantootaa siyaasaa hidhaarratti argaman ilaalchisuun gaaffii dhiyaateef ammo, ''Miseensoonni paartilee hedduun hidhaarra hinjiran. Siriiyyuu kana dura seera qabeessoo miti kan jedhamanii turan kan akka Addi Bilisummaa Oromoo, Addi Bilisa Baasaa Ogaadeen, fi Ginbot 7 biyya galuun akka hirmaatan ta'eera,'' jedhan. ''Miseensoonni paartiilee mormituu ukkoora kakaasaan filannoorratti haa hirmaatan jechuun qofti dahoo seeraatiin ala haa ta'an jechuun hokkoraaf karraa saaquudha'' jedha Dr Ximootiyoos.
Hirmaattoonni maal jedhan? Hirmaattoota afeeraman keessaa took kan ta'an Pirofesar Bayyanaa Pheexiroos, filannoon miilanaa kan kana dura gaggeeffaman irraa kan fooyya'e akka ta'u akka amanan himan. Haata'u malee seera filannichaa ilaalchisee gaaffiiwwan deebii barbaadan jiraachu kaasan. Kana malees waltajjiin marii biyyaaleessaa hunda hirmaachisu akka qophaa'uufis waamicha taasisan. Haata'u malee ammo waltajjiiwwan gahaan hinjiran jechuun filannoo akka hin dheereessine dubbatan. Gama biraatiin ammoo heera mootummaa irratti fooyyeeffamni taasifamuun kan barbaachisu ta'u kaasan illeen bal'ina isaa garuu hineerre. Pirofeesar Bayyanaan filannoo dhufaadhaan miseensoonni paartiilee mormiitootaa hedduun paarlaamaa akka galan abdii qabaachu himuun, filannoon booda mootummaan biyyaaleessaa (Government of National Unity) hundeeffamu qabaata jechuun yaada dhiyeessan. Dura taa'aan Izeemaa Dr Birhaanuu Naggaa gama isaanitiin, filannoo dhufaan paartii isaaniin ol ta'uu kaasan. Itti dabaluunis filannoo Caamsaa dhufu gaggeeffamuun caalaa walta'iinsa biyyaaleessaa walitti fufiinsa qabuuf dursa kennuun akka barbaachisu akeekkachiisan. Akkasumas filannoo ALI bara 1997tti kantiibaa magaalaa Finfinnee ta'uun erga filatamanii booda baatiiwwan 21f hidhamanii kan turan Dr Birhaanu Naggaa, motummaan MM Abiy 'filannoo bara 1997 sana irraa barachuu qaba' jedhan. Gaaffiiwwan hirmaattootaafi qopheessitoota marichaatiin dura teessuu boordichaa Birtukaaniif dhiyaatanii turan tokko tokkoos sababii qulqullina dhabuu sararaatiin deebii osoo hinargatiin hafaniiru. Filannoon biyyaaleessaa marsaa 6ffaa, magaalaa Finfinneefi Dirree Dhawaa akkasumas naannoo Tigraayiin alatti Caamsaa 28, 2013 gaggeeffama jedhamee eegama. Bulchiinsota Magaalaa Finfinneefi Dirre Dhawaatti ammoo Waxabajjii 5, 2013 akka gaggeeffamu boordiin filannoo beeksiisuun isaa ni yaadatama.
Bulchiinsota Magaalaa Finfinneefi Dirre Dhawaatti ammoo Waxabajjii 5, 2013 akka gaggeeffamu boordiin filannoo beeksiisuun isaa ni yaadatama.
Somaaliyaan 'shira xaxuun biyya tasgabbii dhorkite' jechuun Keeniyaa himatte Ministirri odeeffannoo Somaaliyaa Osmaan Abukar Dubee yeroo Somaaliyaan filannoof qophooftutti, Keeniyaan biyya keenya jeequuf shira xaxaa jirti jechuun himachuu midiyaan mootummaa Somali National TV gabaaseera. “Nuti Keeniyaa ni kabajna, fedhii walfakkaataa qabnuu fi ollummaa keenya ni kabajna. Gama keenyaan nuti ilaalcha kanaan jiraanna. Ta’us garuu, Keeniyaan kanaratti fedhii waan qabdu hin fakkaatu, abjuu hin taane dhugoomsuuf barbaaddi. Akkasummas mootummaa lafaafi lageen Somaalii fudhachuuf karoorfattudha,” jechuun ibsa miidiyaaleef kennan kan fuula Feesbuukii TV’cha irratti kallattiin darbaa ture irratti dubbataniiru. Aanga'aan kun Keeniyaan gidduu galummaa siiyaasaa gaggeessuufi hoggantoota mormituu Naayirobii keessaaf haala mijeessiti jechuun himatu. Namooti Naayirobii keessatti kana dura dhimma filannoo Somaliyaa 2020/2021 irratti walga’ii gaggeessan keessaa, ogeessoti siyaasaa bulchiinsa kibba Somalii Jubaalaand irraa ta’an ni argamu. ''Moqadishoon namoota siyaasaa mormituu Keeniyaa kan biyya ollaa keenya keessatti jeequmsa kaasuu barbaadan keessummeessitee hin beektu. Naayiroobiin garuu buufata bakka haleellaan Somaaliyaa irra ga’u irraa ka’u taatetti. Bakka waligalteen Somaaliyaa keessatti taasifame itti diigamu taatetti.'' “Naayrobiin bakka waldhabdee siiyaasaa bulchiinsa biyya keenya jeequuf karoorri itti taasisamu taatetti… Kanaafidha nuti mariidhaaf ambaasaaddara keenya Naayrobii irraa akka deebi’uuf kan waamne,” jechuun ministirri odeeffannoo ibsaniiru. Dabalataanis Dubeen erga Humni Ittisaa Keeniyaa qaama Duula Gaamtaa Afrikaa Somaaliyaa (Amisom) ture, maagaloota naannoo kibba Somaaliyaa keessaa ba’ee booda naannichi al-Shabaabiin to’atameera jedhan. ''Erga humnooti Keeniyaa enyuunuu hin beeksisiin magaalota kanniin keessaa ba’anii booda al-Shabaab to’ateera.
''Erga humnooti Keeniyaa enyuunuu hin beeksisiin magaalota kanniin keessaa ba’anii booda al-Shabaab to’ateera. Rakkoo lammilee Somaaliyaa naannicha jiraatan irra ga’eeru yaadaa. Kun wanta callisnee bira dabarruudhaa? Jiraattota Fahfadhun maal isaanirra akka ga’e dhaqaa gaafadhaa,'' jechuun ministeerichi Moqaadishootti gazexeessitootatti himan. Wiixata Sadaasa 30, mootummaan federaalaa Somaalii ambaasaaddara isaa Naayiroobii jiru biyyatti deebisuun, ambaasaaddara Keeniyaa Moqadishuu jiru ammoo ''mariif akka biyya gadhiisuuf'' gaafateera. Ministirri Hajaa Alaa Keeniyaa garuu himannaa dhimma biyya keessaa fi siyaasa Somaaliyaa jidduu galuu irratti dhiyaate haaleera. Hariiroon Keeniyaa fi Somaaliyaa jidduu jiru sababa bakka Garba Indiyaa irraa kiloomeetir iskuweerii 150,000 ta’ee fi kuusaa boba’aa guddaa qabuun waggooti dhiyootti boora’eera.
Itoophiyaan qondaalota olaanoo Dargii lama gadi dhiisuuf jetti Waggoota 30 oliif Imbasii Italii Finfinnee jiru keessatti dahatanii kan turan qondaaloti olaanoo Dargii lama guyyoota muraasa itti aanan gadi dhiifamuu malu jedhe Abbaan Alangaa Waliigalaa Federaalaa. Qondaaloti olaanoo lamaan koloneel Biraanuu Baayih fi leetanaal jeneraal Addis Tadlaa mootummaan dargii kufuu hordofee imbaasii Italii Finfinnee jirutti kooluu galan. Koloneel Biraanuu Baayih yeroos ministira haajaa alaa kan turan yoo ta'u leetanaal jeneraal Addis Tadlaa ammoo itaamaazhor shuumii waliigalaa Waraanaa turan. Bara 1991 ADWUIn Finfinnee to'achuun guyyaa tokko dura Imbasii Italii Finfinnee jirutti kan kooluu galan qondaalota olaanoo afur turan. Pirees Seektreetariin Abbaa Alangaa Waliigalaa Federaalaa Itoophiyaa Obbo Awwal Sulxaan BBC'tti akka himanitti qondaaloti kun amma dura murteen du'aa itti murtaa'ee ture. Gaaffii Abbaan Alangaa Waliigalaa dhiyeesseen pireezidantiin Itoophiyaa Saahlawarq Zawudee murtee du'aa qondaalota lamaanii gara hidhaa umurii guutuutti gadi xiqqeessaniiru jedhan Obbo Awwal. Murteen du'aa kan irratti murtaa'e wayita aanga'oota mootummaa Dargii turan yakka raawwataniin ture. Obbo Awwal akka jedhanitti imbasiin Italii namoonni lamaan waggoota 30f mirgi socho'uu isaanii daanga'ee turuun isaanii sirrii akka hin taane eeruun Abbaa Alangaa Waliigalaaf akka gadi dhiifaman gaaffii dhiyeesse. Imbaasichi waggoota kana mara deeggarsa homaatuu gochaafi akka hin turreefi aanga'ootni lamaan deeggarsa maatii isaaniin turuu beeksiseera jedhan. Umuriin waan dulloomaniif akkasumas fayyaan isaanii haala gaariirra waan hin jirreef osoo gadi dhiifamanii jedhee imbaasichi gaaffii dhiyeesse jedhu Obbo Awwal. Boordiin Dhiifamaa fi Araaraa Abbaa Alangaa Waliigalaas dhimma isaanii erga qoratee booda murteen du'aa gara hidhaa umurii guutuutti akka xiqqatuuf duree biyyaaf gaaffii dhiyeessee mirkaneessiseera jedhan.
Boordiin Dhiifamaa fi Araaraa Abbaa Alangaa Waliigalaas dhimma isaanii erga qoratee booda murteen du'aa gara hidhaa umurii guutuutti akka xiqqatuuf duree biyyaaf gaaffii dhiyeessee mirkaneessiseera jedhan. Itti aansuunis qondaalonni kunneen bifa hidhaa fakkaatuun waggoota 30 waan turaniif hidhaan umurii guutuu irraa shallagameefi akka gadi dhiifaman mana murtiif gaaffiin ni dhiyaata jedhan. Manni Murtii dhimmicha ilaalee akka bahan yoo murteesse guyyoota muraasa itti aanan akka bahan taasifamu jedhan Obbo Awwal. Loltoonni ADWUI Finfinnee qabachuuf torbeen tokko yoo gafu pireezidantiin yeroosii Mangistuu Hayilamaariyaam aangoo fi biyya gadi dhiisanii Zimbaabuweetti baqatan. Kana hordofuun ture qondaaloti olaanoo kunneen imbaasii Italiitti kan koolu galan. Mootummaan Itoophiyaa qondaalota kana dabarsee akka kennuuf mootummaa Italiif irra deddeebiin gaaffii dhiyeessullee Italiin gaafficha kufaa gochuun namoota kanaaf dahoo taatee turte. Kanaaf jecha qondaaloti olaanoo kunneen bakka hin jirretti himatamanii murteen du'aa itti murtaa'e. Yeroos aanga'oonni imbaasichatti kooluu galan saddeet yoo ta'an, afran isaanii fedha isaaniin imbaasicha gadi dhiisanii akka bahan himama. Warra amma haa gadi dhiifaman jedhaman lamaanitti dabalataan torbee tokkoof Mangistuu bakka bu'uun biyya kan bulchan leetanal jeneraal Tasfaayee Gabrakidaan fi Ministira Muummee Itti aanaa kan turan Obbo Hayiluu Yimanuus waggoota dheeraaf imbaasicha keessa aturan. Boodas sababa gara garaan achuma keessatti lubbuun isaa darbuutu himama. Qondaaloti olaanoo mootummaa Dargii hedduun murtiin hidhaa umurii guutuu fi du'aa itti murtaa'ee kan ture yoo ta'u irra hedduun isaanii hidhaa waggaa 20 booda dhiifamaan gadi dhiifamuun isaanii ni yaadatama.
Maanguddoo Indiyaa mallattoo mormii qonnaan bultootaa ta'an Suurri miseensi Poolisii Indiyaa maanguddoo amantii Siikih hordofan irrattii ulee poolisii osoo aggaamuu kaafame agarsiisuu mormii qonnaan bultoota Indiyaa tibba kanaa ta'e. Suurri gaazexeessaa suuraa miidiyaa 'Press Trust of India' kaafame kun miidiyaa hawaasummaarratti dubbii ijoo ta'eera. Dhaabbileen mormituu suura kana qabiinsa mormitootaa mootummaa ittiin qeequufi dhaabni MM Naarendiraa Moodii jaarsi itti aggaamame kan hin rukutamne akka ta'e isa ibse balaaleffataniiru. Indiyaatti guyyoota muraasa darban qonnaan bultootni kumaan lakkaawaman daandii gara magaala guddoo biyyattii Deelhiitti geessu cufuun mormii jabaa dhageessisaa bahan. Qonnaan bultootni kun seera haaraa ''fedha keenyaan ala'' jedhan balaaleffachuuf bahani. Mootummaan seerrii sektara qonnaa haaromsu kun abbootiin qabeenyaa dhuunfaan hojii qonnaarratti akka hirmaatan kan hayyamu yoo ta'u qonnaan bultoota hin miidhu jedhee amana. Murtee fi ibsa mootummaa kanaan kan hin gammanne qonnaan bultootni kumaan lakkaawaman mormii isaanii ibsuuf gara magaala Deelhii yoo yaa'an humni nageenyaa biyyattii ammoo toora galuu fi daangaa hojjechuun daandii itti cufeera. Qonnaan bultootni kun miillaafi tiraaktaraan magaalittiitti kan yaa'an yoggaa ta'u, imala isaanii kana dhaabsisuufi bittimsuuf qaamoleen nageenyaa biyyattii kumaan lakkaawaman hiramaatanii qonnaan bultootaan walitti bu'aniiru. Bakka hedduutti, poolisiin gaazii imimmaanessu fi bishaan humna guddaa qabuun qonnaan bultoota kana bittimsuuf yaaleera. Suurrii maanguddoo kanaas Jimaata darbe Kaaba Lixa magaala Deelhiitti wayita qonnaan bultootni daangaa akka hin ceene kaahame diiguun magaalittii seenan kaafame. Gaazexessaan suuraa Ravi Choudhary, suura amma dubbii ijoo ta'e kaase kun marsariitii dhugummaa odeeffannoo qoratu, Boomlive, akka himetti wayita suura kana kaasu, qonnaan bultootni daangaa kaahame diiguun konkolaataaniis miidhameera.
Gaazexessaan suuraa Ravi Choudhary, suura amma dubbii ijoo ta'e kaase kun marsariitii dhugummaa odeeffannoo qoratu, Boomlive, akka himetti wayita suura kana kaasu, qonnaan bultootni daangaa kaahame diiguun konkolaataaniis miidhameera. Poolisiin mormitoota rukuchuu eegaluufi maanguddoon itti aggaamamees rukutamuu isaanii dabalee himeera. Suurri kun tiwiitara, inistaagraamiifi Feesbuukiirra gadhiifamee namoota kumoota hedduun qoodameera. Nama suuricha kaase dabalatee namootni hedduun dhaadannoo bara 1965 beekamu "Jai Jawan, Jai Kisan"(Loltuu dinqisiifadhaa, Qonnaan bulaa dinqisiifadhaa) jedhu suura waliin dabaaluun gadhiisaniiru. Dhaadannoon kun bara 1965 MM Indiyaa duraanii Laal Bahaadur Shaastirii lola Indiyaafi Paakisataan wal lolan irratti gahee biyya ijaaruu keessatti loltuufi qonnaan bulaan qaban ibsuuf itti fayyadaman ture. Qondaalli gameessi dhaaba mormituu Rahuul Gandii ''suura baayyee nama gaddisiisudha. Dhaadannoon keenya "Jai Jawan, Jai Kisan" har'a garuu ofittummaa MM Moodiirraa kan ka'e loltootni qonnaan bultootarratti ka'ani. Kuni baayyee hamaadha jedhan. Qondaalli IT dhaaba biyya bulchaa jiruu BJP Amiit Malviyaa viidiyoo sekoondii sadii miidiyaa hawaasaarratti qooduun wanti qondaalli mormituu jedhan dhugaa miti jaarsi hin dhaanamne piroopagaandaadha jedhan. Marsariitiin dhugummaa odeeffanno qoratu viidiyoo dheeraa gadhiisee fi jaarsa irratti aggaamame suurri isaanii mul'atu dubbisuun, maanguddoon kun inumaayyuu qaamolee nageenyaa lamaan dhaanamuufi qamni isaanii miidhamuu gabaaseera. Wiixata darbe MM Kaanaadaa Jastiin Tiruudoo haala Indiyaan mormii kana keessummeessaa jirtu isaan yaaddessuu ibsuun, ''biyyi isaanii mirga namoota nagaan mormii ibsatanii yeroo mara akka deeggartu'' himan. Ministeerri Haajaa Alaa Indiyaas deebii attatamaa yaada kana irratti kenneen odeeffannoo gahaa malee yaada kennameefi kan bu'uura hin qabne jedheera.
Poolisiin M/Janaraal Tsaadiqaan dabalate qondaaltoota waraanaa 40 ol irratti ajaja hidhaa baase Komishiniin poolisii Federaalaa Itoophiyaa biyya ganuu fi Naannoo Tigraay keessatti miseensoonni poolisii fi raayyaa ittisaa akka ugguraman taasisaniiru jechuun kan shakkee qondaaltoota waraanaa durii olaanoo 40 irratti ajaja hidhaa baasuu beeksiise. Poolisiin ibsa Jimaata galgala baaseen akka jedheetti, ajajni hidhaa kunis qondaaltoota waraanaa duraanii humna qilleensaa Itoophiyaa, hoggantoota raayyaa ittisaa fi poolisii 40 ol ta'an irratti ajaja hidhaa baase. Dhimmi itti shakkamanis biyya ganuu fi yakka waraana irratti raawwatameen barbaadamu jedheera ibsichi. Qondaaltoota olaanoo ajajni irrratti bahe keessaa shuumii Itaamaajoor waliigalaa humnoota waraanaa Itoophiyaa duraanii kan turan Meejar Janaraal Tsaadiqaan Gabratansaay keessatti akka argaman Komishiniin Poolisii Federaalaa beeksise. Akkasumas Koloneel Barihee Walda Mikaa'eelfi Komishinar Yihidagoo Siyyuum dabalatee kaan biroonis ''uggura miseensoota poolisii federeaalaafi waraana ittisaa naannoo Tigiraayiitti Sadaasa 3, 2020 raawwatame akka hoggananii fi akka qindeessan qorannoo bira gahamu'' poolisiin federaalaa ibse. Shakkamtoonni kunneenis gareen isaanii kan waraanaa keessaa haaluun bahaniifi kanneen soramaan gaggeeffaman ta'u ibsichi himeera. Qaamoolee shakkamman kanneeniifi shakkamtoota biraa to'achuufis komaandoofi gareen qorannoo yakkaa gara Magaalaa Maqaleetti ergamuun akka adamsu taasisuun bu'aa isaa ifa akka taasisuu ibse. Poolisiin federaalaa amma duras Sadaasa 18, 2020 irratti jeeneraaloota, qondaaltoota waraanaa olaanoofi aanga'oota gadii 76 irratti ''TPLF waliin wal ta'uun biyya yakka biyya ganuu raawwataniiru'' jechuun ajaja hidhaa irratti baasuunsaa ni yaadatama.
Kana malees, waldhabee umameen walqabatees akkasumas aanga'oota TPLF shakkaman irratti poolisiin ajaja hidhaa baasuunsaa ni yadatama. Hanga ammaattis qondaaltoota waraanaa fi poolisii to'annaa jala olfamaniin alattis, aanga'oota TPLF keessaa af-yaa'iin Mana maree duraanii Aaddee Keeriyaa Ibraahim fi Ittaanaa Pirezidaantii duraanii Naannoo Tigraay Dr Addisaalam Baaleemaa ni argamu. Miseensoonni qondaaloota waraanaafi poolisii to'atamanis dhimmisaanii mana murtiitti ilaalamaa jiraachuun kan himame yoo ta'u, Dr Addisaalam Baaleem yeroo jalqabaatiif Kamisa darbe mana murtiitti dhiyaataniiru. Maddiisaa maal ture? Waldhabdeen Motummaa faderaalaa fi TPLF jidduu yeroo dheeraaf ture erga naannoon Tigraay qofaatti filannoo gaggeeffatee kaasee cimaa dhufuun qaamooleen lamaanu seera qabeessummaa wal dhabisiisaa turan. Sadaasa 3, 2020 ammoo humnootiin TPLF buufata waraana federaalaa naannoo Tigraay keessaa irratti haleelllaa raawwachuu hordoofee ammoo MM Abiy Ahimed tarkaanfiin waraanaa akka fudhatamu ajaja dabarsan. Halaallee Izzii Kaabaa irratti raawwatameen wal qabatees miseensoonni raayyaa ittisaa federaalaa hedduun ukkaamfamuun rakkina adda addaatiif saaxiamusaanii miseensoonni waraanaa harka humnootii TPLF baraaraman BBCtti himaniiru. mootummaan federaalaa amma irra caalaa naannoo Tigiraay magaalaa Maqalee dabalatee to'annoo isaa jala oolchee akka jiru ibseera. Waraanni kun naannoo Tigiraay keessatti erga jalqabeen as naannichatti namootni dhibbaan lakkaa'aman du'uun kumaatamni biyya keessaa fi alatti qe'ee isaanii irraa baqataniiru. Namootni 40,000 ol tahan Sudaanitti baqachuu dhaabbileen deeggarsa namoomaa kennan himaniiru. Mootummaan isaan dabalatee kannen qe'ee irraa buqqa'an deebiseen dhaaba jechuun himaa ture. Waraanni mootummaa federaalaa fi humnoota TPLF gidduuti gaggeeffamaa ture magaalaan Maqalee qabamuun akka xumurame himamus humnootni TPLF ammayyuu akka waraanicha hin xumurre Dr Dabretsiyoon G/Mikaa'el himaa turan.
Waraanni mootummaa federaalaa fi humnoota TPLF gidduuti gaggeeffamaa ture magaalaan Maqalee qabamuun akka xumurame himamus humnootni TPLF ammayyuu akka waraanicha hin xumurre Dr Dabretsiyoon G/Mikaa'el himaa turan.
Hogganaa Olaanaa Iraan: Eenyutu Ayaatolaah Alii Kaameeni dhaala laata? Odeeffannoon dhiheenya keessa haala fayyaa Hogganaa Olaanaa Iraan Ayaatolaah Ali Kaameen irratti bahaa jirani, gaaffii osoo isaan sababii dhukkubaatiin ykn boqachuun biyya hogganuu dadhabanii, eenyutu isaan dhaalala laata jedhu kaasaa jira. Maanguddoo umrii waggaa 81fi biyyatti keessatti abbaa aangoo siyaasaa olaanaa biyya baha giddu-galeessaa kan ta'an kana namni dhaalu Iraan, naannichaafi addunyaa hundaaf dhimma murteessaadha. Hogganaa Olaanoo Ayaatolaah Kaameeneen erga Warraaqsi Islaamummaa gumii ekispartootaa kan miseensa dureewwan amantaa 88 qabuun filatamanii erga bara 1979 as nama lammataati. Miseensoonni gumii kanaas waggaa sadeetiin lammiilee Iraaniin filatamu. Iraan ajjeechaa saayintistiisheef Israa'eeliin himatte Humni waraanaa Iraan hangam jabaadha? Iraan Tiraampiin hidhuuf ajaja baafte Haata'u malees kaadhimamtoonni jalqaba koree Mana Maree Eegdootaa (Guardian Council) jedhamanii mirkaneeffamu qabaatu. Miseensoonni mana Maree Eegdootaa mataansaanii karaa kallattiin ykn al-kallattiitiin Hogganaa Olaanaadhumaan kan filatamaniidha. Kanaafu Hogganaa Olaanaa qaamoolee lamaan irratti dhiibbaa ni qabaatu. Waggoottan 30n darbaniif, Ayaatolaah Alii Kaameene nama isaan bakka bu'u haala filannoo irratti gumiichi qajeelfama isaanii hordofuun nama ejjannoosaanii qabu akka filatan mirkaneessaniiru. Hogganaa Olaanaan tokkicha filatamnaan hanga lubbuun jirutti aangoorra tura. Akka heera Iraaniitti, Hogganaan Olaanaan nama sadarkaa amantaa Islaamaa Shii'aan sadarkaa olaanaa irra gahe (ayaatolaah) ta'u qabaata. Garuu wayita Ali Kaameem filatamaniitti sadarkaa olaanaa sanarra (ayaatolaah) hinturre.
Kanaafuu akka hojii fudhataniif jecha jijjiramni seeraa taasifamee ture. Kanaafuu, ammas haaluma siyaasaa yeroo filannoon hagganaa olaanaa itti filatamutti jiru irratti hundaa'uun ammas jijiramni seeraa taasifamuuf ni danda'ama ta'a. Iraan keessatti Hogganaa Olaanaa aangoo jabaa isa dhumaa qabu. Dhimmoota murteessoo ta'an irrattiifi imaammatawwan sirreessuu akkasumas addunyaa biraa waliin walitti dhufeenya jiruurratti murtee isa dhumaa kan dabarsaniidha. Iraan biyyoota addunyaa keessaa biyya Shii'aa cimtu fi bara oggansa Alii Kaameeneetti biyya olaantummaa ishee Jidduugala Bahaa keessatti babalifachuuf yaalaa turteedha. Du'atiin hogganaa kanaas adeemsa seenaa naannichaa irratti jijjirama fiduu qofa osoo hintaane, kan addunyaa maratti dhagahamuudha. Hatakaaroon Iraaniifi Ameerikaa fi Israa'el jidduu, fakeenyaaf, jibbaa dhunfaa Ayaatoolaah Kaameenee biyyota lamaaniif qabanii cimee gara waldhabdee fi tasgabii dahbiinsa baroota dheeraa irra qaqabe. Haata'u malee, adeemsa dhaala aangoo kanaan eenyumtu aangootti dhufulleen sarara isaanii kan hordofu ta'a. Dameewwan siyaasaa Riippablika Islaamaa haala dhaala aangoo ittaanuu sirreessuuf fedhii qabu. Garuu ammoo, rakkina ittisuun akka abbaa aangootti kan socho'u danda'u qaamni aangoo tokkolleen hinjiru. Haggannaa isaan dura tureetti hir'ina amanamummaa walfakkaatu qabaatan illeen Ali Kaameemee garuu karaa amantaa walitti dhufeenyaa dhunfaa qabaniitiin dhiibbaa isaanii cimfatana. Warreen dhunfaan walitti dhufeenya qaban kunneenis baayyeen kan humna aangoo Iraan, Eegdoota Waraaqsaa keessa jiraniidha. Egdoonni Warraaqsaa kan kaadhimamaan isaan sirrii miti jedhanii yaadaan Hagganaa Olaanaa akka hintaaneef kan dhorkuuf yaalan ta'a. Tarreen namoota olaanoo icciitiin qabamuu ilaalchiisee odduun deemaa jiraatulleen, eenyuu fa'i achirratti akka tarreeffaman ilaalchiisee kan beekuu ykn beekuuf kan gaafatee garuu hinjiru.
Maddeen akka jedhaniitti, kaadhiimamaa Alii Kaameeneen filatamu ilmasaa Mojtaabaa ykn Duree Haqaa Ibraahiim Raa'isii ta'u danda'u. Kunis dhugaa yoo ta'e kan madaallii kaasu malu ta'a. Mr Raa'isii dura kan aangoorra turan Saadeeq Laarijaanii fi pirezidaantiin ammaa Haasaan Ruuhaaniin lamaanuu Hoggaanaa Olaanaa ittaanu ta'uuf fedhii akka qaban amanama. Ilmi Hoggaanaa Olaanaa kan umuriin 51 nama duuba ta'uun hojjataniidha.Isaanis magaalaa amantaa Maashhaad keessatti kan dhalataniifi akkuma abbaa isaanii ogganaa amantaati. Mojataabaa ammoo hubannoo keessa kan gale tibba tarkaanfii hokkora mormii filannoo pirezidaantummaa bara 2019 hordofee umame tureen. Tarkaanfii cimaa fudhachu akka danda'u itti amanamee ture. Alii Kaameenee mootii ta'u baatan illeen haaluma salphaanii kan ilmasaanii Mojtaabaaf gonfoo dabarsan miti. Ilimsaanis aangoo isaanii keessatti, waajira Hogganaa Olaanaa cimaa kana gargaarummaan gara duubaa ta'uun hojjatuu dabalee aangoo cimaa qaba. Innis yoo deegarsa Eegdoota Warraaqsaa argate, isaanis adeemsi filannoo seeraa akka isaaf ta'u dhiibbaa taasisuu danda'u. Gahees duree amantaa waggaa 60 kunis kan dhalatan Maashhad keesstti. Innis Ayaatolaa Kaameenee dhaaluudhaaf kaadhimamaa gaarii akka ta'e amana. Akka Hogganaa Olaanaa ittaanu ta'uuf yaada qabu takkaa oduu deemaa jiruu mormees hinbeeku. Adeemsii isaa baayyeenis akka gahee samaaf qophaa'aa jiruu mul'isu. Innis haqa keessatti aangoowwan hedduu qabatee jira. Ammas ittaanaa ogganaa Gumii ekspartootaati. Haa ta'u seenaan mirga namoomaa, keessattu gaheen inni ajjeechaa jumlaa hidhamtoota siyaasaa bara 1988 tiin deeggarsa ummataa ni dhaba.
Haa ta'u seenaan mirga namoomaa, keessattu gaheen inni ajjeechaa jumlaa hidhamtoota siyaasaa bara 1988 tiin deeggarsa ummataa ni dhaba. Garuu filannoo pirezidaantummaa bara 2017 dhabulleen, Hogganaa Olaanoon akka duree haqaatti mudaniin. Erga itti gaafatamummaa fudhataniin asis, midiyaalee irratti mul'achuu kan baayyisuun ''malaamaltummaa irratti qabsoo'' jechuun duula eegalan. Akkuma Alii Kaameenee, Raa'iisiinis waliigaltee nikulaaraa kan 2015 shakkuun, cimsanii ejjannoo warra Eegdoota Warraaqsaa (Revolutionary Guardian) waliin hiriiru.
Tarkiin namoota bara 2016 Erdogan fonqolchuuf yaalan umrii guutuun adabde Manni Murtii Tarkii qondaaltota waraanaa fi kaan 337 kanneen yaalii fonqolcha mootummaa bara 2016 keessaa harka qaban irratti hidhaa umrii guutuu dabarse. Ajajoonni humna qilleensaa fi lafoo, qondaaltota 500 Pirezidaanti Tayyib Erdogaan aangoorraa fonqolchuuf yaalan keessaati. Qondaaltonni waraanaa gameeyyiin kunneen buufata dhiyeenya magaalaa Ankaaraatti dhiyoo jirtu Akinci jedhamturraa yaalii fonqolchaa qindeessan jedhamuun himataman. Pirezidaant Erdogaan akka jedhanitti dureen amantii Islaamaa US jiraatan Fatullaah Gulen yaalii fonqolchaa hidhamuu namoota hedduuf sababa ta'e kana qindeessaniiru. Fathullaah Gulen garuu yaalii fonqolchaa bara 2016 raawwate kan namoonni 251 ta'an irratti du'an fi 2,000 kan caalan ammoo madaa'an keessaa harka hin qabu jechuun waakkatan. Wayita yaaliin fonqolchaa raawwate sana pirezidaant Erdogaan boqonnaaf ba'anii rizoortii tokko keessa turan. Wayita taateen sun mudate lammiileen biyyattii kumaatamaan lakkaa'aman hiriira ba'uun kanneen yaalii fonqolchaa gaggeessan akka aangoo hin qabanne mormaa turan. Himati kun bara 2017 kan eegale yoo ta'u, qondaaltonni kunneen hedduunsaanii pirezidaantii ajjeesuun aangoowwan mootummaa ijoo ta'an qabachuuf yaaluudhaan himataman. Qondaaltonni Erdogaan fonqolchuuf shira xaxan jalqaba buufata humna qilleensaa Akinci jedhamutti xiyyaara waraanaa to'atan, isa booda ammoo dursaa waraanaa fi qondaaltota waraanaa biroo ukkaamsanii fudhatan. Ajajaan humna qilleensaa duraanii biyyattii Akin Ozturk bara darbe hidhaa umrii guutuun irratti murtaa'e. Paayileetonni 25 xiyyaarota waraanaa F-16 jedhamaniin iddoowwan ijoo ta'an boombiidhaan barbadeessan.
Paayileetonni 25 xiyyaarota waraanaa F-16 jedhamaniin iddoowwan ijoo ta'an boombiidhaan barbadeessan. Paarlaamaa fi gamoon humna nageenyaa biyyattii kanneen haleelaman keessaati. Haleellaa boombii sanaan jiraattonni magaalaa Ankaaraa 68 yoo du'an 200 kan caalan ammoo madaa'aniiru. Kanneen hidhaan itti murtaa'e keessaa qondaaltonni olaanoon waraanaa 10 fi namoonni siiviliin afur hidhaa cimaa umrii guutuun adabamaniiru. Haalli qabiinsa adabamtoota kunneeniis kan hidhamtootaa kaaniirraa adda jedhameera Duree amantii Islaamaa US jiran Fathullaah Gulen fi barsiisaa tiyooloojii kan ta'an Abdi Oksuz dabalatee namoonni ja'a ammoo bakka qaamaan hin argamnetti himatamaniiru. Yaalii fonqolcha mootummaa Tarkii booda hojjettoonni mootummaa 100,000 caalan hari'amaniiru. Fonqolcha mootummaa keessatti hirmaatan jedhamuun namoonni himataman hedduudha. Manni murtii biyyattii hanga namoota 2,500 caalan hidhaan umrii guutuun adabuuf akka jiru ibseera.
Lola Tigraay: Gamtaan Afrikaa jiddu galee araara akka buusu naannoon Tigraay gaafate Pireezidantiin naannoo Tigraay Dabratsiyoon Gabramikaa'el Gamtaan Afrikaa lola naannichaa fi mootummaa federaalaa jidduu galee araara akka buusu gaafatan. Dabratsiyoon Gabra Mikaa'eel (PhD) xalayaa dura taa'aa Gamtaa Afrikaa Siriil Ramafoosaaf erganiin ''rakkoo siyaasaaf waraanni furmaata ta'a jedhee hin amanu,'' jedhan. ''Gamtaan Afrikaa dhaabbilee siyaasaa fi kanneen hiree qaban biroos gara marii hunda hammataatti fiduun biyya wal-waraansa (civil war) irraa baraaruuf gaafatama qaba,'' jedhan. Lola dhaabanii mari'achuun gaarii akka ta'ee fi mootummaan isaanii fedha qabaachuu Dabratsiyoon Dilbata Rooyitarsitti himaniiru. Hanga anga'oonni federaalaa mari'achuuf waliigalaniitti garuu naannichi of ittisuu itti fufa jechuun Dabratsiyoon dubbataniiru. Xalayaa Jimaata Sadaasa 06 barraa'e kanaan, ''yeroo gabaabaa keessatti rakkoo biyyattii liqimsaa jiruuf fala mariirratti hundaa'e fiduuf gahee keessan ni baatu abdii jedhu qaba,'' jedhan Dr Dabratsiyoon. ''MM Abiyyiifi deeggartootni isaanii rakkoo biyyi fi naannichi keessa jiruuf gaafatamoo ta'uu isaanii mootummootni Afrikaa fi dhaabbileen kaan haa beekanis'' jedhaniiru. Lolli kun gara wal-waraansaatti guddatee nageenya biyyoota ollaallee jeequu mala sodaan jedhu yeroo gara yeroo dabalaa jira. Kana ka'umsa godhachuunis hogganoonni biyyoota addunyaa gara garaa waraanni akka dhaabbatuu fi rakkoon jiru mariin akka furamu dhiibbaa gochuutti jiru. Miseensonni Koongirasii Ameerikaa kanneen dhiyootti yaaddoo isaanii ibsatan keessaati. Miseensonni koongirasii torba ibsa Jimaata darbe baasaniin haala Itoophiyaa keessa jiruun yaadda'uu himanii, lolli kun biyyattii nagaa dhabsiisuu fi lammiilee nagaa gaaga'uu mala jedhan.
Kanaafis lolli dhaabbate gara marii biyyaalessaatti akka deemamu waamicha dhiyeessan. Haa ta'u malee gama mootummaa federaalaatiin gara mariitti deebi'uuf fedhiin waan jiru hin fakkaatu. MM Abiy ergaa Dilbata Afaan Ingiliziin hawaasa idil addunyaaf dabarsaniin, mootummaan tarkaanfii waraanaa eegale fiixaan ni baasa jedhan. Tarkaanfiin mootummaan fudhataa jiru nagaa waaraa buusuun olaantummaa heeraa kabachiisuuf sochii taasifamu akka ta'ee fi 'yakka raawwatanii gaafatamuu dhabuun akka hafu akkasumas humnoota biyyattii fi naannicha jeeqan xumura itti gochuuf akka ta'es himaniiru. Amma duras "qaamoleen yakkamtootaa maqaa araaraa fi taa'anii wal marii'achuutiin olaantummaa seeraa jalaa bahuu hin danda'ani" jedhanii turan. Ajaja MM Abiy Ahimadiin loltooti raayyaa ittisa biyyaa fi humni addaa naannoo Amaaraa humna addaa fi milishaa naannoo Tigraay waliin waraana erga eegalanii guyyooti shan darbanii jiru. Dhaabbati Biyyoota Gamtoomanii (UN) akka jedhutti ammatti yoo xiqqaate bakkeewwan adda addaa saddeetitti humnoota federaalaa fi naannoo Tigraay jidduutti lolli adeemaa jira. Namoonni miliyoona sagal ta'an lola kanaan balaa qe'ee isaaniirraa buqqa'uuf saaxilamuu malu kan jedhe UN, Tigraay karaa maraanuu karri itti cufamee, qunnamtiinis irraa citee waan jiruuf deeggarsa akki itti qaqqabsiisan hin jiru jedheera. Lola kanaan lakkoofsi namoota du'anii hedduu ta'uu fi haleellaan qilleensarraan raawwatamaa jirus dabalaa jiraachuu gabaasaaleen jiru. Lola gama Lixa Tigraayiin guyyoota darban taasifameen raayyaan ittisa biyyaa injifannoo goonfachaa jiraachuu, direektarri indoktirineeshinii Raayyaa Ittisaa meejar jeneraal Mohaammad Tasammaa Dilbata miidiyaalee biyya keessaaf himaniiru. Akka isaan jedhanitti raayyaan ittisaa lola kanaan bakkeewwan daangaa naannoo Tigraay keessa jiran akka Maayidallii, Daanshaa, Baa'akar, Lugdii, Qaraaqir akkasumas Aanaa Tsagadee fi naannoo Daanshaa kan jiru buufata xiyyaaraa Humaraa guutummaatti to'annoo jala oolcheera.
Lolli kun cimee kan itti fufu ta'uullee meejar jeneraal Mohaammad himaniiru. Miseensi koree hoji raawwachiiftuu TPLF Obbo Geetaachoo Raddaa TV 'Dimtsii Wayyaanee' jedhamurratti dhiyaachuun akka dubbatanitti, Lixa Tigraayiin lolli jabaan adeemaa jiraachuu himaniiru. Gama Afaar akkasumas gama Raayyaatiinis mootummaan federaalaa loltoota bakka biraa turan sochoosuun, lola banuuf qophiirra jiraachuu Obbo Geetaachoon dubbataniiru. Dhimma raayyaan ittisa biyyaa Lixa Tigraayitti bakkeewwan adda addaa to'annoo jala oolchuu ilaalchisee, waanti jedhame dhugaa akka hin taane akeekanii jiru. Mootummaan kutaalee Tigraay gara garaa keessatti haleellaa qilleensaa gochaa turuu kan himan Obbo Geetaachoon, guyyaa kaleessaa [Dilbata Sadaasa 09, 2020] xiyyaarri waraanaa tokko naannoo Maqaleetti humna naannichaan rukutamtee kufuu himaniiru. Naannichi buufatawwan xiyyaaraa xiyyaaronni waraanaa kun irraa ka'an osoo hin hafin haleeluu akka danda'us Obbo Geetaachoon dubbataniiru. Raayyaan Ittisa biyyaa xiyyaarri waraanaa rukutamee kufe hin jiru, humni qilleensaa ammallee bakkeewwan filataman haleelaa jira jechuun dubbii kanaan soba jedheera. Mootummaan federaalaa filannoo biyyaaleessaa marroo 6ffaa sababii koronaavaayirasitiin yeroo biraatti akka dabarfamu murteesse. Naannoon Tigraay garuu Fulbaana darbee sadarkaa naannootti filannoo gaggeessuun, hariiroo mootummoota lameenii duraanuu toorarra hin turre hammeessuu akka hin ollee bal'inaan yaadama. Garuu ammoo waldhabdeen qaamoolee lamaani jidduu kan waljalaan guddataa dhufeedha. Partiin TPLF kan siyaasa Itoophiyaa keessatti waggoota 27 darbaniif olaantummaa qabaachaa ture, battaluma MM Abiy 2018 keessaa gara aangootti dhufanii kaasee komii eegale. TPLF hogganooti hidhamanii fi hojiirraa ari'aman kunneen dhalattoota Tigraay waan ta'aniif addatti irratti fuulleffatame jechuun komata.
TPLF hogganooti hidhamanii fi hojiirraa ari'aman kunneen dhalattoota Tigraay waan ta'aniif addatti irratti fuulleffatame jechuun komata. MM Abiy bara daree paartilee miseensota ADWUI saba bu'urreeffatani ijaaraman walitti baqsuun paartii Badhaadhiina (PP) hundeessuun tarkaanfii biraa wal-diddaa qaamolee lamaanii hammeessedha. TPLF murtee sana, biyya adda qooda jechuun mormuun PPtti makamuu dide. Jalqaa bara kanaattis erga mootummaan federaalaa filannoo biyyaaleessaa dabarsee ammoo wal diddaan caalaa guddate. Naannoon Tigraay Fulbaana keessaa qofaatti filannoo gaggeefate. Paarlaamaan federaalaa filannichi ''seeraan alaa fi kan akka raawwatameetti hin lakka'amnee'' jechuun murte dabarse. Ergasiin booda, mootummoonni lamaan wal waliin ''seeraan alaa fi beekamtii heera kan hin qabne'' waliin jechuutti fufan. Jalqaba baatii Onkolooleessaatti mootummaan federaalaa naannoo Tigraay waliin waliitti dhufeenya akka dhaabu akkasumas deeggarsa bajata naannichaa adda kutuuf manni maree federeeshinii murteesse. Sana duras ta'e sana booda mootummoonni lamaan agarsiisa humna waraanaa gara garaa taasisaa turan. Sadaasa 03, 2020 halkan humni addaa naannoo Tigraay raayyaa ittisa biyyaa achi buufatee jiru irratti haleellaa raawwachuu isaatiin MM Abiy humni waraanaa tarkanfii akka fudhatu kan ajajan.
Lola Tigraay: Lixa Tigraayitti waraanni adeemaa jiraachuu aanga'oonni himan MM Abiy Ahimad waraanni raayyaa ittisa biyyaa naannoo Tigraay irratti tarkaanfii akka fudhatu ajaja erga kennanii guyyaa lama guutuuf adeema. Mootummaan Federaalaafi kan naannoo Amaaraa haleellaa humnoota Tigraay irratti fudhataniin milkaa'uu yoo beeksisan, mootummaan naannoo Tigraay ammoo haleellaa irratti aggamame qolachuuf humna gahaa qabaachuu ibseera. Kibxata Sadaasa 03 halkan humni addaa naannoo Tigraay buufata waraanaa raayyaa ittisaa achi jiru haleeluu isaatiini MM Abiy tarkaanfiin akka fudhatamu kan ajajan. Halkanuma sana naannoo daangaa Amaara fi Tigraay irratti humni addaa naannoo Tigraay haleellaa raawwachuuf yaalii taasisee ofirraa qolachuu naannoon Amaaraa himeera. Ergasii as Roobii guyyaa guutuu wanta qabatamaan raawwate baruun hin danda'amne ture. MM Abiy Ahimad Roobii galgala ibsa TV biyyaalessaa irratti kennaniin humni raayyaa ittisa biyya haleellaa isarratti baname ofirraa qolatee, deebisee haleeluutti cehuu dubbatan. Humni raayyaa ittisaa haleellaa taasiseen milkaa'uu himanii tarkaanfiin fudhatamu cimee itti fufa jedhan. Pireezidantiin Naannoo Amaaraa Obbo Tamasgeen Xirunee lola Roobii halka walakkaa hanga Kamisa ganamaati taasifameen injifannoo argachuu dubbatan. TVn biyyaalessaa akka qabaasetti lola lixa Tigraay daangaa naannoo Amaaraafi Tigraay iddoowwan Soroqaafi Qaraaqir jedhamanitti taasifameen humni addaa Tigraay dirqiin akka lolu taasifame hedduun harka kennachuu himan Obbo Tamasgeen. Humni addaa naannoo Amaaraafi raayyaan ittisa biyyaa waliin ta'uun haleellaa humna addaa Tigraayiin irratti baname qolatee, deebisee haleeluun bakkeewwan hedduu qabachuu himan. Pireezidantiin naannoo Tigraay Dr Dabratsiyoon Gabramikaa'el ibsa Kamisa waaree booda TV naannichaa irratti kennaniin gama lixa Tigraayiin lolli adeemaa jiraachuu mirkaneessanii jiru.
Pireezidantiin naannoo Tigraay Dr Dabratsiyoon Gabramikaa'el ibsa Kamisa waaree booda TV naannichaa irratti kennaniin gama lixa Tigraayiin lolli adeemaa jiraachuu mirkaneessanii jiru. Humni addaa naannoo Amaaraafi raayyaan ittisa biyyaa waliin ta'uun Roobii irraa eegalee humna addaa Tigraay waliin wal waraanaa akka jiran himan Dr Dabratsiyoon. Akka pireezidantichi jedhanitti meeshaaleen waraanaa raayyaa ittisa biyyaa izii/ajaja Kaabaa harka ture guutummaatti jechuun sadarkaa danda'amuun humna naannoo Tigraayiin dhuunfatameera. "Mootummaan federaalaa meeshaa waraanaa naannoo keenya keessa jiruun akka nu haleelu hin hayyamnu," jedhan Dr Dabratsiyoon. "Meeshaa waraanaa gahaa qabna turre, amma dabalata arganeerra. Hidhannoodhaan yoo caalle malee, isaanii gadi miti," jedhan. Naannichi humnoota fagoofi dhiyoorraa waraana irratti labse barbadeessuuf gahumsa akka qabus Dr Dabratsiyoon dubbataniiru. Lolli kun 'lola uummata Tigraay irratti Abiy Ahimadiifi pireezidantii Eertiraa Isaayyas Afawarqiin baname,' jechuun Eertiraan qooda keessaa qabaachuus eeraniiru. Loltoonni raayyaa ittisa biyyaa Tigraay keessa turan keessaa muraasni hidhannoo isaanii waliin daangaa qaxxaamuranii gara Eertiraa akka seenanis dubbataniiru. Mootummaan isaanii rakkoo uumameef karaa nagaa furmaata siyaasaa soquuf qophiidha jedhan. Magaalaan guddoo naannichaa keessa Roobii fi Kamisa sochiin namootaa fi daldalaa itti fufuu rippoortarri BBC achi jiru Girmaay Gabruu gabaaseera. Naannicha keessa balaliin xiyyaaraa kamiyyuu dhorkamus Kamisa waaree booda sa'aatii sagal irratti jeettiin waraanaa qilleensa Maqalee irratti mul'achuu gabaasaan BBC kun himeera. Tigraay irratti labsiin yeroo muddama ji'a jahaa mana maree ministirootaan labsame Kamisa paarlaamaan raggaasifamee jira. Tajaajilli bilbilaa, intarneetii, ibsaa fi geejjiba magaalota wal qunnamsiisu akka uggurametti jira.
Sirna 'waadaa seenuu' lammilee Ruwaandaa biyya alaa jiranii to'atee jiru Viidiyoon kabaja “waadaa seenuu” Imbaasii Ruwaandaa Landan keessatti yemmuu gaggeeffamuu agarsiisu ba’e, biyyaa Baha Afrikaa qeeqtootaan “Kooriyaa Kaabaa” haaraa jedhamte irratti himannaa abba irrummaa jiru guddiseera. Miinseensonni lammilee Ruwaandaa diiyasporaa akka BBC'tti himanitti kabajootni akkanaa kan baraman ta’uu, akkasumas sodaa fi ajajamuu jabeessuuf kan karoorfamedha jedhu. Namichi tokko sababa inni mootummaa waliin walii galuu dideef, isa adabuuf jecha firootni isaa Ruwaandaa jiran butamaniiru, tariiyyuu ajjeefaniiru jedha. Anga’oonni Rawaandaa garuu himanni kuni sobaafi kan ragaa hin qabnedha jechuun haalaniiru. Viidiyoo dhiyeenya WhatsApp gubbaatti qoodameen, namootni 30 ol ta’an kutaa walga’ii Imbaasii Ruwaandaa UK jiru keessatti walitti qabamanii harka isaanii ol kaasuun paartii biyyatti bulchu RPF’f bitamuuf waadaa yeroo seenan agarsiisa. “Yoon si gane ykn karooraa RPF irraa kaadhe, lammilee Ruwaandaa hunda ganuu ta’a kanaaf fannisamuun nan adabama,” jechuun afaan Kinyarwandan waadaa seenaa turan namootni kun. Dabalataanis, “eessayyuu yoo ta’an, diinoota Ruwaandaa,” loluuf waadaa seenaa turani. Paartiin RPF imbaasii isaa waadaa siiyaasaa akkanaaf fayyadamuun isaa dubbii ijoodha. “Sodaataniiru” Ta’us, namootni kabaja bara 2017 keessa gaggeefame kana irratti hirmaatiin, dhugumaan deggaartoota paarticha biyyaa alaa jiraatan ta’uu danda’anis, namootni hedduun kaan garuu dhiibbaa irra tureen akka hirmaatan BBC'tti himaniiru. “Namootni waadaa kana seenaa turan hedduun isaanii akka itti hin ammanne beeka. Ofii fi maatii keenya Ruwaandaa jiran eeguuf jecha sobaa turre,” jedha namni kabajicharra tureefi sodaaf jecha maqaan isaa akka hin ibsamne barbaadu.
“Kun wanta bakka hundumaatti taasifamudha. Waan baramedha. Waadaa kana seenta ykn diinaa taata. Adii fi gurraaachadha,” jedha gorsaa pirezdaantii Ruwaandaa Pool Kagamee kan ture Deeviid Himbaaraa. Deeviid lammii Kanaadaa, hayyuu fi roogeessa yoo ta’u jireenya isaa keessatti yeroo hedduu qamoolee tikaa Ruwaandaan irra deddebin dorsisamaa akka ture hima. “Baayyeen isaanii waan sodaataniif kabaja sanarratti hirmaatu. Yoo deemuu didan maatii isaanii Ruwaandaa jiran waa ta’u jedhanii yaadu,” jedha lammiin Biritish-Ruwaandaa dhiyeenya UK keessatti hannaan himatamee hidhaa ture, Renee Mugeenzii. “RFF keessatti ifatti hojjachuu qabda. Utuma nama gara kamittu goruu dhiistee… paartii mormituu jedhanii si shakku,” jedha. Waa’ee sirna kabajaa “waadaa seenuu” kanaratti gaaffi dhiyaateef Imbaasiin Ruwaandaa deebii imeeliin kenneera. Kanaanis, miiseensoti diyaasporaa kutaa walga’ii sana sagantaalee aadaa adda addaaf akka fayyadamanii fi sirna waadaa seenuu RPF irratti hirmaachuun seeraa qabeessadha “gutummaatti filannoo isaaniin malii namni isaan dirqisiise hin jiru” jedhan. “Obbolootikoo butamaniiru” Ta’us garuu BBC’n ragaa haaraa dhaga’een mootummaan Ruwaandaa miseensota diyaaspora amanamoo miti jedhu dorsiisuu irra darbee, namoota kana adabuuf firoota isaani Ruwaandaa keessa jiran irratti xiyyeeffata. “Ana doorsisuuf jecha, obbolootakoo lamaan butani. Isaan siyaasaa keessatti hirmaatanii hin beekani. Dachee Ruwaandaarra turani. Utuu homaa hin balleessing maaliif gatii akkanaa kaffalu?” jechuun Awustraliyaa irraa Noyeel Zihabamwee miiraan guutame dubbata. Zihabamween sababa haala siyaasaa cunqursaa hammaachaa dhufe baqachuun bara 2006tti Awustraliyaatti baqatee, amma miseensaa diyaasporaa Ruwaandaa Siidniidha.
Mootummaa RPF deeggaruu dhiisuu isaaf bara 2017'tti dippiloomaatiin Ruwaandaa biyyatti daawwatte ifatti ajjechaan isa dorsisee ture, sanas anga’oota Awustraaliyaatti gabaaseera. Sana booda ture obbolaan isaa lamaan Jiin Nisengimaanaa fi Antonii Zihambamwee, Fulbaana 2019'tti magaalaa Karangazii Ruwaandaa keessatti atoobisii irraa poolisootaan fudhatamanii hanga ammaatti deebi’anii hin argamnee jechuun himata. “Yeroo hedduu butuu fi ajjeechaa miseensa maatii akkanaa fayyadamu. Kun dhaabachuu qaba. Nu ga’eera,” jedha Zihabamween. “Mootummaan Ruwaandaa mirga dimookraatawaa lammiilee hundaa deebisee, ajjeechaa, uggura, seeraan ala hidhuufi lammilee duraanii akkakoo biyya ormaa jiraatan irrattuu duula dorsiisuu dhaabee arguu barbaanna,” jedha Zihabamween. Obbolootisaa butaman jedhe akka du’anitti amanuun, dhibbaa kana booda isaa fi firoota isaa irra ga’uu danda’u hubatus ifatti ba’ee dubbachuuf murteesseera. “Reeffii isaanii eessa akka jiru maaliif maatiittii hin himani, akka seeraan awwaallannuuf? Lammileen Ruwaandaa hedduu ala jiran maaatiin isaani lubbuun dhabanii fi bakka isaan jiran hin beekne jiru. “Haqa dabe kana mormee dubbachuun barbaada. Hoggansaa nama muraasaaf osoo hin taanee hundaaf dhaabbatu barbaanna,” jechuun BBCtti himeera. ‘Himannaa bu’uura hin qabne” Imbaasiin Ruwaandaa UK himannaa Obbo Zihabamwee soba ‘irra deddeebiin fayyadamamuu’ fi “mala gadi deebi’aa namoota siiyaasa qeeqani xiyyeeffannoo miidiyaa argachuuf taasisanidha” jedha. Ta’us garuu himannaan akkanaa qorattoota hedduu, dhabbilee mirga namoomaa fi dippilomaatota biyya biroon akka sirrii ta’anitti ilalaamu. Isaanis aanga’oonni Ruwaandaa bu’aan gocha isaani kan akka yaalii ajjeechaa namoota biyyaa alaa jiranii hariiroo idil addunyaa Ruwaandaa akka hin booreessinee taasisuun seeraan kan itti malatan fakkaata jedhu.
Isaanis aanga’oonni Ruwaandaa bu’aan gocha isaani kan akka yaalii ajjeechaa namoota biyyaa alaa jiranii hariiroo idil addunyaa Ruwaandaa akka hin booreessinee taasisuun seeraan kan itti malatan fakkaata jedhu. Mootummaan Ruwaandaa addunyaa irratti waggooti dheeraaf deeggarsa fi jajjanaa argachaa kan ture, karooraa isaa guddinaa milkaa’aa, kan Ruwaandaa gara biyyaa dinaagdee gaarii qabdutti jijjireeenidha. “Ilaalchi jiru – wanta barbaadne goona, abbaa barbaadne ajjeesna, kan jedhudha,” jedha maddi enyummaa isaa ibsuu hin feene. “Lammii Ruwaandaa yoo taate, saalphaatti callisuu siif wayya,” jetti itti aantuun daareektaraa Aminestii damee Baha Afrikaa, Saraa Jaaksan. “Anga’oonni Ruwaandaa maloota adda addaa mormii biyyaa isaanii jiru fi alaa jiru ittin gadi qaban qabu, kunis qoccollaa irraa kaasee hanga dorsiisa hidhaa seeraan alaa, butamuu, dararaa fi lammiilee isaani biyyaa alaa jiran adeemsa seeraa malee gara Ruwaandaatti deebisuufi miseensota maatii dorsiisudha.” Imbaasiin Ruwaandaa Landan argamu garuu himannoonni akkanaa bu’ura kan hin qabnee fi “mormiitoota muraasaan, maqaa fi adeemsa guddinaa Ruwaandaa balleessuuf jecha” kan uumameedha jedhu. Pirezidant Kaagaameen filannoo pirezidaantummaa Ruwaandaa bara 2017 sagalee %99 argachuun injifataniiru. Laandanitti qondaalli mormituu Kongirasii Biyyaalessaa Ruwaandaa “RPF waliin hojjachuuf waadaa seenta ykn ammo diina biyyaa jedhamta. Nuti Kooriyaa Kaabaa waliin madalaamna,” jedha. Kaanaadaa irraa Himbaaraan ilaalcha mootummaa Ruwaandaa yemmu ibsu “mootummaa jireenyaa kan diyaaspoora dabalatee kan uummata Ruwaandaa hunda to’achuu barbaadudha,” jedha.
'Ajaji mana murtii kabajamuu dhabuun olaantummaa seeraa gaaffii keessa galchaa jira'-Obbo Lidatuu Manni Murtii Olaanaa Godina Shawaa Bahaa, Poolisiin magaalaa Bishooftuu Obbo Lidatuu Ayyaaloo gadi dhiisee ALI gaafa guyyaa 11,2012 ibsa akka kennuuf beellama qabateera. Poolisiin Oromiyaa maaliif akka ajaja mana murtii hojiirra oolchuu dabe akka ibsu gaafateera. Obbo Lidatuu Ayyaaloo har'a (Onkoloolessa 19,2020) mana murtii olaanaa Godina Shawaa bahaatti dhiyaataniiru. Beellami har'aa waa lamaaf kan jedhan abukaatoon Obbo Lidatuu Obbo Gammachuu Guutamaa, ''Tokkoffaa ragaan abbaa alangaa waan dhagahameef Obbo Lidatuun yoo ragaa faccisaa qabaatan akka dhiyeeffataniif ture.'' jedhan. ''Lammafaan ammoo akkaataa manni murtii kanaan dura murteesseen Poolisiin Oromiyaa Obbo Lidatuu akka gadi dhiisu kanaan dura ajajee waan tureef ajaja kana raawwachiisee akka dhiyaatu akkasumas qajeelchi poolisii magaalaa Bishooftuu kanaan dura Obbo Lidatuu akka gadi lakkisuuf kan ajajamee ture maaliif akka ajaja sana hojiirra oolchuu dide akka ibsuuf ture'' jedhan. Hoogganaan Qajeelcha Poolisii Maaalaa Bishooftuu dhaddacha har'aarratti dhiyaachuun maaliif akka Obbo Lidatuu gadi dhiisuu didan wayita ibsan, ‚''An dhiyoo waanan dhufeef dhimmichas sirriitti keessa hin beeku. Irreechaan wal-qabatees hojiin nutti baay'ateera.'' Dabalees Obbo Lidatuun akka nu biratti hidhaman kan godhe komishinii poolisii Oromiyaati. Kanaafuu dhimmi kun akka nuuf hubatamu. Dhimma kanaan wal-qabatee galmee biraatiinis mana murtii walii galaa Oromiyaatti himatamanii waan jiraniif kunis akka nuti hin gadhiisneef hudhaa nutti ta'eera. Yaada jedhu kaasan'' jedhan. Kanaafuu gaafii manni murtii dhaddacharratti gadi dhiisuu dandeessumoo hin dandeessan jedhuuf ‚'hin dandeenyu'' deebii jedhu kennaniiru jedhan Obbo Gammachuun.
Kan himata irra banee jiru, Komishiniin Poolisii Oromiyaa, nu biratti hidhamanii akka turan waan ajajaniif nuti gadi dhiisuu hin dandeenyu jedha Qajeelchi Poolisii Magaalaa Bishooftuu akka Obbo Gammachuun jedhanitti. Obbo Lidatuu Ayyaaloo kanaan dura ALI gaafa 12,1,2013 manni murtii mirga wabiin akka ba'an eeguufis abbaan alangaa garuu Mana Murtii walii galaa Oromiyaa dhaddacha bahaatti ol-iyyachuun akka gadi hin dhiifamne ajaja kennisiisee ture jedhan abukaatoon kun. Sanaan booda Manni Murtii walii galaa Oromiyaa dhimmasaanii erga ilaalee booda ol-iyyannoo abbaa alangaa kufaa gochuun gaafa 26,1,2013 dhorkaa kaa'e kaasuun akka Obbo Lidatuun gadi lakkifaman ajajee ture. Haata'u malee ajaji mana maurtii olaanaa irraa gadi yaa lakkifaman jedhu karaatti deebi'ee waan hin raawwatamneef Obbo Lidatuun hanga yoonaa mana hidhaa turuu danda'aniiru jedhan Obbo Gammachuun. Manni murtiis dhumarratti dhimma kana keessa hin beeku jechuun sababni Hoogganaan Qajeelcha poolisii Magaalaa Bishooftuu dhiyeessan sirrii miti kan jedhu ture jedhan. Kanaafuu Obbo Lidatuu gadi dhiisanii gaafa 11,02,203tti nuuf ibsaa kan jedhuun beellameera. Komishiniin Poolisii Oromiyaas ajaja manni murtii asiin dura kenne maaliif raawwachuu akka dhabe ibsa akka kennu ajaja dabarseera. Asiin duras wabiin naaf eegamee gadi hin lakkifamne jechuun dhaddacharratti kann dubbatan Obbo Lidatuun kun olaantummaa seeraa diiguudha jedhan. "Ajajni mana murtii kabajamaa hin jiru. Kanaan duras poolisiin bilbilaan na waamnaanan olaantummaa seeraa kabajuuf jecha dhufee asumaan na hidhan. Amma garuu qaamumti bifa sanaan na waamee na hidhe ajaja mana murtii raawwachaa hin jiru, kun olaantummaa seeraa gaaffii keessa galcha'' jechuun dhaddachaaf ibsaniiru.
Biyya mitii maatiin tokkoyyuu buluuf sirna barbaachisa kan jedhan Obbo Gammachuun, biyya tokko keessatti agarsiistuun kabajamuu olaantummaa seeraa bilisummaa fi kabajamuu mana murtiiti jedhan. Ajaja mana murtii qaamni raawwachiiftuun hojiirra hin oolchu taanaan olaantummaan seeraa balaa keessa gala jedhan abukaatoon kun. Caasaa fi ijaarsa mootummaa keessatti qaamoleen jajjaboon sadan qaam seera baasu, seera hiikuu fi seera raawwachiisu ajaja walii hin kabajan taanaan biyyaaf yaaddoodha jedhan. Qaamoleen sadeen kunniin walmadaalaa gochaa walii hordofaa waan biyyaaf gaarii ta'u hin hojjetan taanaan gatii hin qabu jedhu namni seeraa kun. ''Fakkeenyaaf qaamni raawwachiiftuun Obbo Lidatuu yakkaan shakke jedhee hidheera. Erga qoratee booda ammoo mana murtiitti kan dhiyeessu. Obbo Lidatuun yakka raawwachuu fi dhabuusaanii kan qulqulleessee murteessu mana murtiiti. Garuu poolisiin ofumaa qoratee mana murtiitiin ga'ee isa boodammoo ajaja mana murtii hin raawwachiisu taanaan qorannoon inni gaggeessu hunduu gatii hin qabu'' jedhan. Manni Murtiis qaamuma mootummaati waan ta'eef ajaji isaa kabajamuu qaba, qaamoleen mootummaa wal-kabajuu qabaatu jedhan. Yoos olaantummaan seeraa kabajama jedhan. Dhimmuma kanarratti Ministirri Muummee Abiy Ahmad har'a (onkoloolessa 19,2020) paarlaamaarratti qaamni raawwachiiftuu ajaja manni murtii kennu hojiirra oolchuu qaba, gama kanaan hanqinni ni jira waan ta'eef fooyyessaa deemuu qabna jedhan. ''Murtee manni murtii kennu osoo asii achi hin jedhiin fudhachuu qabna. Mana murtii nuti hin kabajne, maa murtii nuti hin ajajamneef walabaa fi loogii irraa bilisa ta'i jechuun waan gatii hin qabnedha.'' Jedhan Ministirri Muummee Abiy. ''Manni murtii yoo malaammaltummaa keessa seene sirna ittiin qulqullaa'ee sirratu qaba.
''Manni murtii yoo malaammaltummaa keessa seene sirna ittiin qulqullaa'ee sirratu qaba. Manni murtii loogii siyaasaa yoo agarsiise sirna seeraa ittiin sirratu qaba. Kanarraa kan hafe ajaja manneen murtii kennan qaamni raawwachiistuu kabajuun nurraa eeggama.'' Jedhan. Biyya kana keessatti qondaalli olaanaan ministira muummee waan ta'eef jechi isaanii madaala qaba kan jedhan Obbo Gammachuun, ajaja mana murtii yeroo dhiyoo as irra deddeebiin hojiirra ooluu dhabaa jiruuf haga tokko kun furmaata fiduu danda'a jennee abdanna jedhan. Qaamni raawwachiiftuu federaalaas isaaniin kan hoogganamu waan ta'eef ajajasaanii kana fudhatee gara fuulduraa akka hojiirra oolchu ni abdanna jedhan.
Dabratsiyon jaalleewwan isaaniin attamiin ibsamu? Ummanni naannichaa hoo maal irraa eegga? Naannoo Tigraayii keessatti gaaffiiwwan dinagdeefi bulchiinsa gaarii erga ummataan ka'uu eegalee bubuluutu himama. Filannoo naannichi dhiheenya hayyama mootummaa Federaalaa malee addatti taasifateenis dhaabni Dr Dabratsiyoon Gabramikaa'el (TPLF) caalmaan mo'achuutuu himame. Dursaan TPLF yeroo ammaa Dr. Dabratsiyon jaallewwan isaatiin akkamiin ilaalamu? Akka hoggannaa paartiitti qormaatawwan attamiitu naannicha keessatti isa eeggataa? BBC Tigrinyaa jaalleewwan jiraattoota naannichaa dubbiseera. Jaalleewwan qabsoo maal jedhu? Obbo Alamayyoo Gazaaheny hiriyyaa ijoollummaa Pirezedaantii naannoo Tigiraay Dr. Dabratsiyon Gabramikaa'el. Kana malees, qabsoo keessatti jaallewwan waliiti. Dr. Dabratsiyoniin barnoota isaaniirratti baayyee dinqisiifatu. Garraamummaa isaanis ni jaallatuuf. Obbo Alamaayyoon Dr. Dabratsiyoniin umuriidhaan ni caalu. Namoota akka Dr. Dabratsiyon umuriidhaan isaa gadi ta'an akka obboleessa angaaatti itti dheekkamaa, akka hiriyyaattis waliin taphataa guddachuu himu. Barnootaan ammoo Obbo Alamayyoon afaan Amaariffaafi Ingiliffaan kan caalan ta'ullee gama Saayinsiitiin garuu 'namni hanga Dr. Dabratsiyon ga'u hin jiru' jedhu. Bara Tigiraayitti qabsoon hidhannoo filannoo isa dhumaa turetti, leeljii lotummaa gammoojjii xumuranii yeroo deebiyan, 'namni kun dhaaba keenya teekinikaafi barnootaan osoo gargaaree wayya; jedhanii jaalleewwan isaanii waliin mariyatanii gara kutaa 055 (kan amma Masfin Industiriyaal Injiinariing) ta'e kanatti akka ramadamu kan godhan Obbo Alamayyoo ta'uu himu. "Shireetti hanga barnoota keenya sadarkaa tokkoffaa xumurutti waliin guddanne. Haati isaanii mana nyaataa waan qabaniif achumatti fayyadamna.
Yeroon waliin rafnullee ture. Waan namaa waan tokko kan hin barbaadne nama galateeffatamaadha," jechuudhaan Dr. Dabratsiyoniin yaadatu. Dr. Dabratsiyon amala namoota umuriin isaan caalan waliin malee hiriyyoota isaa waliin waliigaluun xiqqii akka itti ulfaatu dubbatu. "Hiriyyoonni yeroo baayyee baaltii waan baayyisaniif namoota umuriin isa caalan waliin deemu ture." Namni yeroo ijoollummaa isaa warra isa angafan waliin dabarsaa ture, yeroo ammaa kana ammoo qabsaa'ota buleeyyiifi dargaggoota gidduutti riqicha uumuudhaaf yeroo yaalan ni mul'atu. Jaalleewwan qabsoo isaa soorama bahan waliin yeroo walitti dhiyaatan ni mul'atu. Haasawa isaanii keessatti ammoo "dargaggoota Tigiraay" jechuu baayyisu. Dargaggoonni Tigiraay ammoo "Jabaadhu ati ... keenya" jechuun deggaraa turaniiru. Magaalota Tigiraay gara garaa keessatti suuronni isaanii baayyinaan mamaxxanfamanii argamau. Haata'u malee, bulchiinsi Dr. Dabretsiyon Tigiraay keessatti gumaacha akkamii taasise? Qormaanni kanaan booda isaan mudatu maal ta'u? ALI bara 2009 keessa TPLF Itoophiyaatti rakkoo keessoo ta'uu bira darbee xiqqaafi guddaa waliin bara wal loleedha jechuun ni danda'ama. Tigiraayittis, ummanni bulchiinsa gaarii, haqaafi carraa hojii dhabuu isaa irraa kan ka'ee, abdii kutannaarra gahee ture. Hanga gaaddisa jalatti baqatu waan dhabe fakkaatutti lafti itti dhiphatee ture. TPLF "Ummanni Tigiraayiifi ani tokkicha, akka saantiima tokkicha fuula lama qabuuti" jedhee osoo dhaadatuu 'inni dur hafe, waan dugdaafi garaa taaaniyyu fakkaata' ummanni jedhu xiqqaa hin turre. Yeroon isaa biyyattii keessatti jijjiiramni haawaasummaafi siyaasaa kan itti barbaadamu waan tureef, keessattuu gaaffiin jijjiiramaa naannoo Oromiyaa keessatti finiine gara mormiitti ce'e. TPLF 'qabeenya biyyaafi ummataa dhuunfateera' jechuun qabsoon keessaafi alaan akka aangoorraa ka'u yoo itti cimu, uleen paartii biyya bulchaa ture ADWUI irra bu'e kan addicha keessatti murteessaa ture TPLF irras bu'uun isaa dirqama ta'e.
Mormii waggoota lamaaf itti fufeen, humni siyaasa Itoophiyaa gaggeessuu bakka bu'ee booda dhumni TPLF ammoo giddu-galeessa biyyaarraa dhiibamee gara Tigiraayitti deebiyuu ta'e. 'Sa'atu ibidda dhalte . . .' akkuma jedhamu sana rakkoowwan hawaasummaafi siyaasaa baadhatee kan ture ummanni Tigiraay dhaabbaticha hammachuurraa duubatti hin deebine. Rakkoo mirgoota namoomaafi dinagdee qaqqabeef itti-gaafatamummaan gara gaggeessitoota dhaabbatichaa tokko tokkootti kan qiyyaafatedha ilaalchi jedhu cimaa dhufnaan, miidhaan eenyummaa sabaa irratti hundaa'an darbanii darbanii yeroo dhalatanittis gaggeessitoota itti mufatanii turan gargaaruu jalqaban. Yeroo kanatti ture Dr. Dabretsiyon Gabramikaa'el pirezedaantii Itti-anaa naannoo Tigiraay ta'uun Federaalarraa Tigiraayitti kan ramadaman. "Yeroo muddama akkasii keessa gara Tigiraay dhufuu isaatti gaddeera," jedhu hiriyyaan isaa qabsaa'aa Alamayyoo Gazaaheny. Dr. Dabretsiyon, yeroo dhaabni isaanii gocha farra dimokiraasummaafi gandummaadhaan xuraa'eera jechuun qalbii jijjiiradheera yeroo jedhetti, akka dura ta'aa dhaabichaatti filatamuu isaaniiti kan Obbo Alamayyoo aarse. Kana malees, gaggeessi dhaabbatichaa tortoreera, gaaffii ummataa hin deebisu, imaanaa ummtaa nyaateera. Sababii ballessaa dhaabbatichaatiif ummanni Itoophiyaa akka na jibbuufi na miidhu taasiseera jechuun qeeqa jabaan yeroo irratti dhiyaata jirutti kan dhufan. Dr. Dabratsiyon erga gara Tigiraay dhufanii booda socho'uudhaaf mirga seeraa kan argate dhaabbata 'Sab Hidirii' jedhamu namni gaggeessu Dr. Goyitoom Aregaawwii namoota TPLF mormuun qeeqan keessaati. "ALI bara 2008 irraa kaasee biyyattii keessatti tasgabbiin dhibuun gara biyyaalessaatti guddachaa dhufee, paartichi waa'ee du'aatii Tagaaruu (Tigirootaa) hin dubbatiinaa jechuu jalqabee ture.
TPLF giddu-galeessa biyyaa keessatti malaammaltummaa keessa hallachaa waan tureef Tigiroonni akka ija hamaatiin ilaalamnu nu taasiseera. Sababii kanaan haleellaan sabaa tokko tokko raawwatamaa waan turaniif ummatichi miidhameera jechaa ture," jedha. Kun eessaan nu geessisaa? Biyyi gara hokkaraatti seentii laata? Yaaddoowwan jedhan namoota hedduu biratti ka'aa turan. Waggaa sadii dura Dr. Dabretsiyon gara naannichaa dhufuun hojmaata diriirsaniin abdii horachuu jalqabne jedha Dr. Goyitoom. "Beektonniifi dargaggeessi Tigiraay gaggeessummaa siyaasaa qabaatuun garaa gara ta'uu isaatiin qofa 'Ati eenyudha? Eessa turte?' jedhamuun waggoota dheeraadhaaf dhiibamaa tureera. Erga Dr. Dabratsiyon dhufanii garuu aadaa siyaasaa hammataa ta'e guddisuudhaaf yaalii taasisaniiru. Isaan yoo xiqqaate 'ati eenyu? Eessa turte? Hin jedhan," jechuun isaan ibsu. Akka nama tokkootti, yaada naannicha fayyadu nama qabu dhaggeefachuudhaaf ulaan isaanii banaa ta'uu ni dubbatu. Haata'u malee, jijjiiramni fidan jedhame hojiira ooleeraa? Ammallee gaaffii namoota hedduudha. Tasgabbii dhabiinsaa siyaasaa biyyattiifi naannicha keessa jiruun walqabatee, naannichatti sabbonnummaa 'Defacto state' hundeessuu haala fakkaatuufi sadarkaa 'biyya Tigiraayi walabaa hundeessuu' fakkaatu irra gahameera. Ammatti ammoo mootummaan Federaalaa erga filannoo naannoon Tigraay gaggeesse Manni Maree Federeshinii seeraan ala jedheera. Isaan booda, mana mareefi kaabinoota naannichi hubdeesse waliin walitti dhufeenya kamiyyuu taasisuu akka hin qabne Manni Marichaa Federeeshinii murteesseera. Haalli walitti dhufeenya mootummoota lamaan jidduu jirutti qormaata olaanaa ta'e kunis miira siyaasaa naannichaa keessa tureetti kan dabalame ta'eera. Kanaanis dhiibbaan kun mootummaa Dr Dabratsiyoon hogganan irratti kan kufe akka ta'e baayyeen ni dubbatu.
Yeroo darbees, ''Dr Dabratsiyoon waldhabdee mootummaa Federaalaafi naannoolee waliin ture amala obsaa dhuunfaa isaatiin ogganuun naannichi hanga dandeettii cimfatuutti yeroo agrateera. Kan ummata Tigraayiif bu'aa qabaatu hanga ta'eetti seexana waliinu ni mari'anna jedhee ture. Haaluma kananis osoo gara walitti bu'iinsaatti hin galiin har'a gaheeraa,'' jechuun ibsuu Dr Gooyitoom. Haata'u malee, gaaffiin bulchiinsa gaarii ummataa ammalleen hin deebiine. Dr Gooyitoom ''Ammalleen aanga'oonni ummata boosiisaa turan bakkaa hin kaafamne. Baroota darbaniitti aangoon dhaabaafi kan mootummaa wal makuun aangoon dhaabaa kan mootummaatiin ol ta'uun turera. Ammas lamaan adda baasuun qulqulleessuu kan qaban qulleessanii akka deeman barbaadina. Abdii godhachuu garuu hin callifnu. Ni gaafannaa, hanga nu dhagahaniittis ni arrabsina,'' jedhu. ''Anaaf gaggeessaa gadi of buusee hojjatudha'' Kana qofaas miti. Dargaggoonni naannichaa gaaffiifi yaaddoowwan hedduu qabu. Dargaggoo Ni'iimaa Siiraaji waggoota lamaan darbaniif mootummaan Dr Dabratsiyoon hogganu akka rakkoo dargaggoo akka ishee isa guddaa kan ta'e hojii dhabdummaa hiikuuf gaafataa jirti. ''Dhiyee bari'u jechi 'mootummaa Federaalaa' jechuun quba walitti qabuu kun dhaabbatee tasgabbii akka argannuun hawwa. Sababii hojii dhabumaatiin akka obboolaawwan keenya mana hidhaa Sa'ud Arabiyaatti dararamaa jiranii sana aniis gara sana deemuuf ala lamaa sadii yaaleen ture. …Rakkoo ta'ee malee namni dararaafi du'a dhagahaa gara sana deemuu yaadaa? Kanaafuu jaalala agrsiifnee osoo hin qabanaa'iin dafanii akka rakkoo keenyaaf fala barabbaadaniin barbaada,'' jetti. Dr Dabratsiyon waliin kan guddate Obbo Alamaayyoon gara Tigraay dhufuutti kan gaddaniif sababii kanaanii laata?
jennee gaafanneerra. ''Inni harkiisaa qulqulluu, onneensaa qajeelaadha. Isa waliin garuu hoggansi sobduufi kan hanna baran waan jiraniif attamiin bulchuu danda'a jedheen baayyee na gaddisiisa. Naannoo kana keessatti hanni dagaageera. Boodas Abiy waliin waliigalteen dhibnaan baayyeen gaddee. Namni kun waa lama jidduutti rakkata jedheen yaade,'' jedhu. TPLF keessatti hoggantoonni qeeqaman waan jiraniif, isan waliin hojiiwwan gaaffii ummataa deebiisan hojjachuu danda'aa? Kan jedhu ammalleen gaaffiidha anaaf jedhu. Obbo Halafoom Gazaa'ii leenjiisaa hoggansaafi qorataadha. Dhugaa qabeessuummaa guutuufi dhimmi ummata dhoksitu jiraachuu dhabuun dandeettii hoggansi ittiin madaalamu akka ta'e himu. Naannoo Tigraay hogganaa waggoota lamaaf kan turan Dr Dabrastiyoon gama kanaan yoo madaalaman ''gahuumsa qabu jedheen amana,'' jedhu. ''Rakkoolee jiru jedhaman hunda ummatatti ni himu ture. Ummannis waan inni itti himu ni dhagaha ture. Kan biraa hafee ummanniifi paartiileen moormitootaa TPLF morma garuu isa ni kabaja,'' jechuun dubbatu. Bu'aan kanaas kan adeemsa keessa madaalamu ta'ee keessattuu rakkoolee bulchiisaafi caasaa ummanni sadarkaa aanaafi ganda ittiin himatu haala saayinsaawaa ta'ee deebiisuu eegaluun, haala ummataaf abdii umuu ta'eera. "Gandatti gadi bu'uun ummanni hogganaasaa akka filatu taasisuun, 'ummatatu isiin hogganaatii ummataani gorfamaa,' jechuun rakkoolee jiran hubachuuf yaaluun nama araaraa ta'anii argamuudha hoggansa gahaa jechuun. Anaaf amantaa 'hogganaa gadi bu'ee hojjetudha' jedhuun qaba. Ta'ulleen dhaabbilee ijaaruu qofa osoo hin taanee, bu'aan jireenya ummataafi ijoollee isaanii keessatti dhufuun ilaaluun dirqama ta'a. Sababii kanaan ammalleen qaawwiiwwan caasaa hin tuqaminiifi jijjirama hin fidiin jiraachusaanii oggeessi kun ni dubbatu.
Dr Dabratsiyon haasawwan taateewwan garaa garaarratti taasisaniin, kan miira ummataatti fayyadamuun fudhatama argachuuf yaalan fakkaatu. Kabajawwan amantaa irratti osoo hin hafne haalli akka mootiitti ilalaman umameera jechuun kan qeeqani hin dhabamne. Haata'u malee, Obboo Halafoom kun rakkoo miti jedhu. ''Hogganaa tajaajilaa ummataa yoo taate, ummanni kaabajaa siif qabaachuu qofa osoo hin taanee si baachu danda'a. Jaarraa kantti ammoo ummanni kan barbaadee filachuufi muuduu ni danda'a. Rakkoo kan ta'u yoo hogganaa hin hojjannee baattedha',' jechuun ibsuulleen, ammalleen rakkoolee hin sirratiin jiraachusaanii ni ibsa. Daandii jijjiramaa inni jalqabe kun jireenyi ummataa attamiin geedara? Waan nyaatu attamiin argataa? jechuun gadi bu'uun ilaaluun ni barbaachisa kan jedhu Obbo Halafom,Yeroo ammaa kanatti dhibamuun nageenyaafi tasgabbiin waan mul'atuuf, waraana osoo hin taanee nagaa uumuuf yaalii taasisuutu irraa eegama,'' jedha. Yeroo akkasii kanatti Dr Dabrastiyon kan akka obboleessa quxusuutti ilaalaniifi kan nahaniif, hiriyaansaanii kan amma soorama bahan Alamaayoo Gazahany dabalatee, ummata Tigraay rakkoolee siyaasaafi iyyummaa keessaa bahuuf eeggatan hogganuuf ammas pirezidaantii ta'uun mudanmaniiru. ''Hiriyyaan waliin guddadheefi jaaladhu aangoo kanarratti yoo ilaalu baayyeen gammada,'' kan jedhan Obbo Amalamaayyoon, ''Osoon argee bulchiinsa gaarii irratti xiyyeeffachuun namootan ragaa qabatamaa irratti argadheerratti tarkaanfii fudhachuuf duubatti hin deebi'iinana jedhaan ture,'' jedhu. Wayita Dr Dabratsiyon yaadatan mudannoo baayyee isaan gaddisiftuu tokko jirti jedhu. Kunis suuraawwan yaadannoof jedhanii walitti qabatanii ture hundu jalaa gubbachusaa himu. ''Suuraawwan ijoollummaa hedduu waliin qabna ture.
''Suuraawwan ijoollummaa hedduu waliin qabna ture. Wayitan qabsootti makameetti haadha kiyya birattiin dhiisee deemee ture. Guyyaa tokkos kaadireewwan Dargii sakkata'insaaf dhufanii haati kiyyaas ibidda boba'aa ture keessa buuftee daaraa ta'an.'' Tarii Dabarastiyon suurawwan kanneen kessaa tokkoolleen ni qabaataa laataa?
Mootumman Federaalaa mootummmaa naannoo Tigiraay waliin hariiroo kamiyyu akka hin taasifne murtaa'e Manni Maree Federeeshinii kora isaa idilee har'a gaggeesseen mootumman Federaalaa mootummaa naannoo Tigiraay waliin hariiroo kamiyyu akka hin taasifne murtee dabarse. Murteen kun darbuu kan danda'eef kora atattamaa Manni Maree Federeeshinii A L I Hagayya 30, 2012 taa'een, filannoon naannoo Tigiraayitti gaggeeffamu akka hin gaggeffamneetti, akkasumas akka hin raawwatamneetti ilaalamuun kan hin mirkanoofneedha jechuun murtee dabarsee ture irratti buu'uureeffachuun. Koreen dhaabbii Dhimmoota Heera Mootummaafi Dhimmoota Eenyummaa waan kana hordofaa tureera. Haata'u malee, naannichi murtee manni maree federeshiniichaa dabarse hojiiirra waan hin oolchiineef kora Kibxata har'aa gaggeesseen murtee kana dabarse. Haaluma kanaan Manni Maree Federeeshinii mootummaa naannoo Tigiraay irratti murteewwan sadii dabarsuu isaa ibseera. Inni jalqabaa, filannoo faallaa Heera mootummaa naannoon Tigiraay gaggeessuun hordofee mana maree naannichatti ijaarameefi qaama seera raawwachiisan ol-aanoo waliin mootummaan Federaalaa hariiroo kamiyyu akka hin qabaanne murteesseera. Lammaffaan ammoo, mootummaan Federaalaa fedhii misoomaafi tajaajilawwan bu'uuraa ummata Tigiraay giddu-galeessa godhachuun bulchiinsa magaalaafi gandaa dabalatee, naannicha keessatti dhaabbileen seera qabeessa ta'an qofa waliin hariiroo qabaata. Murteen sadaffaan ammoo, hojiirra oolmaa murtee kanaa Af-yaa'iin Mana Maree Federeeshiniifi koreen dhaabbii dhimmi isaan ilaallatuun hordoffii barbaachisu akka taasisan murtaa'era jechuun midiyaaleen biyya keessaa gabaasaniiru. Gama biraatiin ammoo Addi Bilisa Baasaa Tigiraay (TPLF) miseensota isaa muudama siyaasaa mootummaa Federaalaatti sadarkaa gara garaa irra turan, itti-gaafatamummaa isaanii gadhiisanii akka bahan guyyaa kaleessaa ajaja dabarsuun isaa ni yaadatama.
Gama biraatiin ammoo Addi Bilisa Baasaa Tigiraay (TPLF) miseensota isaa muudama siyaasaa mootummaa Federaalaatti sadarkaa gara garaa irra turan, itti-gaafatamummaa isaanii gadhiisanii akka bahan guyyaa kaleessaa ajaja dabarsuun isaa ni yaadatama. Dubbi himaan mootummaa naannoo Tigiraay Obbo Geetaachoo Raddaa gama isaatiin, barri aangoo Paarlaamaa Itoophiyaa xumurameera jechuun Wiixata darbe BBC'tti himaniiru. "Yeroon aangoo kaabinoota mootummaa federaalaa, paarlaamaas tahe manni maree federeshinii waan xumurameef hariiroo homaa ni qabaanna jenne hin yaadnu,’’ jedhan Obbo Getaachoon. Kanarraa kan ka'een sirna baniinsa waloo Mana Maree Bakka Bu'oota Ummataafi Mana Maree Federeeshinii bara paarlaamaa 5ffaa, kan waggaa 6ffaa kaleessa gaggeeffame irratti miseensa TPLF tokko malee bakka bu'oonni naannoo Tigiraay hin argamne. Filannoon biyyaalessaa marsaa 6ffaa bara darbe gaggeeffamuuf ture sababa weerara koronaavaayirasiitiif jecha osoo hngaggeeffamiin hafeera. Kanaafuu, bakka bu'oonni naannolee manni maree lamaan keessa jiran hanga filannoon kun gaggeeffamutti akka aangoosaanii irra turan murtaa'uunsa ni yaadatama. Kana hordofuun ture naannoon Tigiraay komishinii filannoo ofiisaa hundeeffachuun Fulbaana 9, 2020 filannoo sadarkaa naannootti addatti kan gaggeesse. Haa ta'u malee mMootummaa Federaaala, keessattuu mana maree Federeshinii filannoon naannoon Tigiraay qofaatti gaggeeffate seeraan alaa fi akka waan hinraawwatamneetti kan lakkaa'amu ta'u ibsuun isaa ni yaadatama.
'Filannichi akka hin gaggeeffamnetti ilaalama, hin raggaasifamu, hojiirras hin oolu' -Mana Maree Federeshinii Falannoon Naannoo Tigraay Roobii dhufaa gaggeessuuf jiru faallaa heera mootummaa biyyattii waan ta'eef ''kan bu'uura heera mootummaa 9(1) tiin gaggeeffametti kan hin lakkaa'amne, kan hin raggaasifamneefi hojiirra kan hin oolledha'' jechuun Manni Maree Federeshinii sagalee guutuun raggaasisuu ibseera. Haata'u malee, naannoon Tigraay deebii murtee kana ilaalchisuun kenneen ''tarkaanfiin kamiyyuu fudhatamu, Tigraay filannoo gaggeessuurraa boodatti hin deebisu'' jedheera. Manni marichaa ibsa Sambata kaleessaa fuula feesbukii isaarratti maxxanseen, walgahii ariifachiisaa gaggeeffateen sochiin naannoo Tigraay filannoo gaggeessuuf taasisaa jiru ilaalchisee yaada murtee koreen hiikaa heera mootummaafi dhimmoota eenyummaa dhiyyeessee irratti mari'achuu ibseera. Haaluma kanaanis murteen naannoon Tigraay filannoo ilaalchisuun dabarseefi gochawwan raawwataa jiru faallaa heera mootummaafi hojiirra kan hin oolleedha jedheera. Sochiin naannoon Tigraay filannoo gaggeessuuf taasisaa jiru bu'uura heera mootummaa keewwata 9(1)tiin akka hin raawwatamneetti lakkaa'amuu, kan hin raggaasifamneefi hojiirra kan hinolledha jechuun fudhatama dhabsiiseera manni maree kun. Walgahii mana marichaarratti ''gochi qaamooleen seeraan alaa taasisanii ummata irra miidhaan qaqqabuu hin qabaatu jedhee kan amanu ta'uuisaafi itti fufiinsaanis manni marichaa deeggarsa ummata Tigraayiif qabuun akka miidhaan hawaasaa, dinadgeefi siyaasaa irra hin geenyeef yaalii haalawwan karaa nagaafi seeraatiin hiikuu taasisaa jiru cimsee akka itti fufuuf waliigalteerra gahameera,'' jedheera. Filannoon biyyaaleessaa Itoophiyaa baranaa gaggeeffamuuf ture sababii weerara koronaavaayirasiitiin yeroo adda hin baaneetti dabarfamuunsaa ni yaadatama.
Kanarratti hundaa'udhaanis gaaffii boordiin filannoo biyyaaleessaa mana marii bakka bu'oota ummataafi mana maree federeshinitiif dhiyeesseen yeroon filannoon itti gaggeefamu dabarfameera. Haaluma kanaanis hanga filannoon gaggeefamuutti mannneen maree federaalaafi naannoolee hojiirra akka turan murtaa'ee kan ture ta'ulleen, naannoon Tigraay garuu sadarkaa naannootti filannoo mataasaa kan aggeessu ta'uusaa beeksisuun hojiiwwan gaggeessaa tureera. Boordiin filannoo filannicha akka gaggeessuuf gaafatee gaaffiin naannichaa bordii filannoo biyyaaleessaatiin fudhatama waan hin arganneef komishinii filannoo mataasaa hundeessuun qophii filannoo taasisuun filannicha gaggeessuuf amma guyyota muraasa qofaatu hafa. Adeemsa fialnnoo ilaalchisuun murtee manni maree federashinii dabarse naannooleen biyyattiitti argaman hundi hojiirra olachuuf dirqama kan qaban ta'ulleen naannoon Tigraay garuu faallaa kanaan qofaatti filannoo gaggeeffachuuf sochii taasisaa jiraachuu murtee yaadaa mana marichaatiif dhiyaate irratti ibsameera. Manni marichaas walgahii ariifachisaa isaa kanarratti labsiin filannoo naannoon Tigraay baase faallaa heera mootummaafi komishinii filannoo hundeessuus faallaa aangoo heerri boordii filannootiif kenne jechuun ibseera. Haaluma kanaanis manni maree naannoo Tigraay, labsiin qaama hojii raawwachiftuufi komishiniin filannoo ilaalchisuun baaseefi murteewwan dabarfaman hundi fudhatama kan hinqabneefi faallaa heera mootummaati jedheera. Kana malees, komii paartiilee akka Paartii Dimokraasummaa Tigraay, Paartii Dimokraasummaa Raayyaan Raayyummaafi mana maree koreen Eenyummaa Walqaayitiifi Xagadee Deebisuu mana mareetti dhiyeeffatan eeruun, ''filannoo seeraan alaa nannoon Tigraay gaggeessaa jruun walqabatee sarbama mirga namoomaa lammileerra gahaa jiruufi mirgoota paartiilee siyaasaa heeraan mirkanaa'an kabajuu dhabuun fudhatama kan hin qabneefi dhimma sirreeffamuu qabaatudha'' jedheera manni marichaa.
Kana malees, komii paartiilee akka Paartii Dimokraasummaa Tigraay, Paartii Dimokraasummaa Raayyaan Raayyummaafi mana maree koreen Eenyummaa Walqaayitiifi Xagadee Deebisuu mana mareetti dhiyeeffatan eeruun, ''filannoo seeraan alaa nannoon Tigraay gaggeessaa jruun walqabatee sarbama mirga namoomaa lammileerra gahaa jiruufi mirgoota paartiilee siyaasaa heeraan mirkanaa'an kabajuu dhabuun fudhatama kan hin qabneefi dhimma sirreeffamuu qabaatudha'' jedheera manni marichaa. Deebiin naannoo Tigraay maal jedha? Naannoon Tigraay murtee manni maree federashinii dabarse kana ilaalchisuun yaada kenneen mootummaan federaalaa murtee kamiyyu dabarsuus 'Naannoon Tigraay filannicha gaggeessuurraa booddeetti hin deebiisu'' jechuu ejjannoosaa beeksiseera. Dubbii itti-gaafatamaan Biiroon Haqaa Naannoo Tigraay Obboo Amaanu'eel Asaffaa TV naannichaa irratti taasisaniin, jalqabumarraa kaasee fiallnnicha gaggeessuuf wayita yaadamu rakkoon jiraachuu akka malu hubachuun itti yaadamee kan itti galameedha jedhaniiru. Murteen mana maree kanaan dabarfames bakka miseensoonni bakka bu'oota naannichaa hin argamneetti dhoksaan kan ta'edha jechuun ibsaniiru Obbo Amaanu'eel. ''Filannoon kan ummataati'' kan jedhan Obboo Amaanu'eel, murteen amma manni maree federeshiinii filannoo naannichi gaggeessuuf jiruufi kan lammiilee miliyoona 2.7 ol filachuuf galmaa'an, akkasumas kan paartiilee siyaasaa irratti dorgomuuf socho'aa jiraniin filannoo qaamoolee seeraan alaatiin gaggeeffamu jechuun ibsuun sadarkaa manni marichaa irratti argamu kan mullisuudha jechuun ibsaniiru. Manni maree federeshinii waggoota lamaan darban keessa kaayyoo hundeeeffameef kana akka maddaallii eegsiisuufi qoodinsa qabeenyaa haqa qabeessa ta'ee akka jiraatuufi kkf gara cinaatti dhiisuun hojiiwwan mirgoota lammiilee sarban irratti xiyyeeffateera jechuun komataniiru Obbo Amaanu'eel. Naannoon Tigraay ammoo filannoo Roobii Fulbaana 9, 2020 gaggeefamuuf jiru kanarratti sagalee kennuudhaaf lammileen miliyoona 2.7 galmaa'usaanii komishiin fialnnoo naanncihaa beeksiisuunsaa ni yaadatama.
Morkataa gameessi Keeniyaa Raayilaa Odingaa yeroo filannoon jala ga'etti sirba baasan Filannoon pireezidantummaa Keeniyaa keessatti gaggeeffamuuf jedhu wayita dhiyaachaa jirutti morkataa gameessi biyyattii Rayilaa Odingaa sirba qeenxee tokko gadhiisan. Filannoon kun Hagayya dhufu kan gaggeeffamu yoo ta'u, gameessi siyaasaa pireezidantii biyyattii ta'uuf abdatan Raayilaa Odingaa karaa wallee kanaa duula na filadhaa gaggeessaa jiru. Kaadhimamtoonni paartii filannoof dorgoman wallee akkanaan baasuun waan baratame miti. Qondaaltota siyaasaaf yeroo baayyee artistoota bebbeekamootu wallee baasaaf. Keeniyaa keessatti garuu haalli kun baratamaadha - biyyattiin namoota qoosaa fi bashannansiisuun beekaman akkasumas weellistoota akka Chaarlas Njaguwaa (Jaguar) faa miseensa paarlaamaa keessaa qabdi. Walleen Aab Odingaa kan mata dureensaa Leo ni Leo - Swaahilii hiikaan ''Har'i har'uma'' jedhu, wallee artistii beekamaa biyyattii irraa kan fooyyeffamee hojjetamedha. Weellisaan kun Keeniyaa gara lixaa, iddoo deeggartoonni dursaa paartii mormituu Raayilaa Odingaa itti heddummaatan irraati. Raayilaa Odingaa yeroo shanaffaaf filannoorratti hirmaataa jiru, namoonni hedduun kun carraasaanii isa dhumaati jechaa jiru. Walleen haaraan nama hawwatu, kan viidiyoodhaan deeggaramee hojjetame kun ergaa dabarsu keessaa inni ijoon,''kan taa'aa bor eeggadhaa jedhee nu gorsu, inni sobaadha,'' kan jedhuudha. Keeniyaan filannoo ji'oonni ja'a hafaniif ammumarraa duula filannoo gaggeessuutti jirti. Filannochi akka dorgommii farda lama gidduutti gaggeeffamuutti ilaalamaa jira- Aab Odingaa fi Pireezdantii Itti Aanaa biyyattii Wiiliyaam Ruutoo. Marsaa lamaaf aangoorra jiran Pireezdantiin Keeniyaa Uhuruu Keeniyaataa gameessa siyaasaa yeroo tokko morkataa isaanii jabaa ture Rayilaa Odingaaf deeggarsa qaban mul'isaa jiru.
Marsaa lamaaf aangoorra jiran Pireezdantiin Keeniyaa Uhuruu Keeniyaataa gameessa siyaasaa yeroo tokko morkataa isaanii jabaa ture Rayilaa Odingaaf deeggarsa qaban mul'isaa jiru. Filannoon Keeniyaa kun sadarkaama duula na filadhaattiyyuu biyyattii lamatti qoodee jira. Namoonni siyaasaa hedduun wanti qondaaltota irraa dhagahamaa jiru tibba filannoon gaggeeffamu kan biyyattii balaaf saaxiluu maluudha jechuun sodaa qaban ibsaa jiru.
Walleewwan Afaan Oromoo albama isaa Afaan Ingiliziin 'The Fire Inside' jedhu hojjeteef kaka'umsa naaf ta'eera jechuun ibsa.
US xiyyaara waraanaa haaraa raadaariin ala balali'uu fi boombii nikularaa darbatu omishte Humni qilleensaa US xiyyaara waraanaa ammayyaa boombii nikularaa darbatu fi raadaarin ala balali'u B-21 jedhamu oomishte. Xayyaarri waraanaa kun xayyaara US bara Waraana Hololaa omishtee hanga ammaa itti fayyadamaa turte bakka bu'a jedhamee jira. Waggoota 30 keessatti xiyyaarri waraanaa boombii darbachuuf oolu kun isa jalqabaa yoo ta'u tokkoon isaa dolaara miliyoona 700 fixa jedhame. Xiyyaarri waraanaa B-21 jedhamu kun boombii nikularaa qofa osoo hin taane meeshaalee waraanaa biroo waraana idileef oolan ni baata. Odeeffannoon gadi fagoon waa'ee xiyyaara waraanaa B-21 kun akka hin baane icciitidhaan qabamee jira. Ministeera Ittisaa US kan ta'an Liyood Ostiin, "Kuni dandeettii kennaa addaa fi argannoo Ameerikaan qabduuf ragaa guddaadha" jedhan. US xayyaara waraanaa B-21jedhamu kan ifa goote Sadaasa 02, 2022 sagantaa agarsiisa xayyaarichaa Kaalifoorniyaatti gaggeeffametti. Xayyaara B-21 kana kan oomishe ammoo dhaabbata Northrop Grumman jedhamuudha. Ministeerri Humna Ittisaa US Liyood Ostiin saganticha irratti argamuun akka dubbatanitti xiyyaarota waraanaa boombii darbatan US amma fayyadamaa jirtu caalaa baay'ee ammayyaawaa akka ta'e himuun, "malli farra qilleensarraa ammayyaa ta'e kamiyyuu B-21qilleensa keessatti argatee rukutuuf ni rakkata" jedhan. Itti dabaluunis xayyaarichi meeshaalee waraanaa gara fuulduraatti omishaman illee simachuu akka danda'utti hojjatamuu himan. Xayyaarri raadariin ala balali'uu danda'u kun paayileetii malee balali'uu - danda'uu fi dhiisuu irratti ministeerii humna ittisaa US homaa hin jenne.
Xayyaarri raadariin ala balali'uu danda'u kun paayileetii malee balali'uu - danda'uu fi dhiisuu irratti ministeerii humna ittisaa US homaa hin jenne. Oduu himaan Humna Qilleensaa US garuu xiyyaarichi, "nama malees balali'uuf carraa qaba, garuu nama malee balaliisuf hin murtooofne" jedhan. Balaliin jalqabaa B-21 akka lakkoofsa faranjootaa bara dhufu ni taasifama jedhamee eegama. Miidiyaan Bloombarg akka gabaasetti xiyyaarri B-21 kun xiyyaarota waraanaa kana dura turan B-1 fi B-2 jedhaman kan bakka bu'u yoo ta'u waggoota 30 keessatti xiyyaricha dabalataan hojjachuufi bittaa gaggeessuf US dolaaraa biliyeena 203 ishee basisa. Yeroo ammaa kana xiyyaaronni waraanaa ammayyaa B-21 lakkofsaan jaha ta'an omishamaa jiraachuu dhaabbanni xayyaarichaa oomishu ibseera. Xiayyaarichi teknooloojii raadaarin argachuu hin dandeenye next generation of stealth jedhamu itti dabaluun kan hojjatu akka ta'ee fi "maloota omishaa fi meeshaalee ammaaf hin ibsamne" akka fayyadamus dhaabbanni oomishaa kun himee jira. Humni Qilleensaa US yoo xiqqaate xiyyaara waraanaa boombii darbatu B-21 jedhamu kana 100 akka isa barbaachisu ibse.
US galmee ajjeechaa Joon F. Keneedii agarsiisu guutuu isaa baaste Ragaawwan ajjeechaa pirezidantii Ameerikaa duraanii Joon F. Keneedii agarsiisan hedduu akka bahu Waayit Haawus ajaje. Ragaawwan ajjeechaa Keneediin wal qabatan kun yeroo jalqabaaf guutuun isaa bahe. Dookumentiiwwan 13,173 intarneetii irratti kan gadi lakkifame yoo ta'u galmeewwan jiran keessaa harki 97 gadi lakkifameera jedhame. Dookumentiiwwan ragaa ajjeechaa JF Keneedii guutuun isaa ifa haa ta'u malee odeeffannoo haaraa ta'e baay'ee hin dabalu jedhame. Garuu, qorattoonni seenaa ajjeechaa isaaniin wal qabatee waan jiru caalmaatti baruu barbaadu waan ta'eef ragaalee bahan kana ija gaariin ilaalu. JF Keneedii Sadaasa 22, 1963 Daalas, Teeksaasitti daawwannaarra osoo jiranuu isnaayippariidhaan ajjeeffaman. Seerri bara 1992 mootummaan galmee ajjeechaa isaanii ummataf akka ifa godhu ni ajaja. Mudde 15, 2022 Joo Baayidan dookumentiiwwan ragaa ajjeechaa Keneedii qabatan akka umataaf ifa ta'u ajaja dabarsaniiru. Haa ta'u garuu dookumentiiwwan muraasni ammayyuu hanga Waxabajjii 2023'tti icciitidhaan tura jedhan. Ragaan bara 1964 bahe JF Keneedii kan ajjeesse nama lammii Ameerikaa Lii Harveey Oswald jedhamu akka ta'e agarsiisa. Lii Harveey sanaan dura Gamtaa Sooviyeetii keessa jiraataa ture jedhame. JF Keneedii ajjeesee erga to'annaa jala oolee guyyaa lama booda ajjeefame. Ajjeechaa pirezidantii Ameerikaa duraanii kanaan wal qabatee waan baay'etu odeeffamaa ture. Kamisa kaleessaa garuu CIA ajjeechaa kana keessaa akka harka hin qabnee fi qorattoota yakka jalaa odeeffannoo ajjeechaa isaan wal qabatu akka hin dhoksin beeksise. Namni JF Keneedii ajjeese Lii Harvey bara 1963 ji'a Onkoloolessaa keessa hojjataa biiroo tikaa Raashiyaa KGB wajjiin Meeksikoo siitii keessatti akka wal argetu himama.
Namni JF Keneedii ajjeese Lii Harvey bara 1963 ji'a Onkoloolessaa keessa hojjataa biiroo tikaa Raashiyaa KGB wajjiin Meeksikoo siitii keessatti akka wal argetu himama. Ragaalen kun bahuun isaanii Lii Harvey hojjataa tika Raashiyaa wajjiin Meeksikoo siitii keessatti maal gochaa akka ture odeeffannoo kenna jedhanii hawwiin kan eegan danuudha. CIAn gama isaatiin odeeffannoo waa'ee Lii Oswald gara Meeksikoo Siitii deemuu isaa duraanuu gadi lakkifamuu ibsuun, "Ragaa bara 2022 bahu irratti waa'ee kanaa odeeffannoo haaraan hin jiru" jedhe. Garuu qorattoonni dhaabbata Mary Ferrell Foundation CIAn odeeffannoo waa'ee turtii Lii Haarvey Meeksikoo siititti taasisee dhokseera jechuun mootummaa irratti himata banani. Dhaabbati kun akka jedhetti CIAn ragaalee hundumaa mana galmeetti akka hin galchineefi dookumentiiwwan gadi lakkifaman keessa ragaan guutun akka hin jirre ibsan. Dokumentiiwwan kun gadi lakkifamuun isaanii ajjeechaa JF Keneeditiin wal qabatee maaltu uumamee akka ture lammiileen biyyattii odeeffannoo guutuu akka argatan akka gargaaru Waayit Haawus ibse.
Kora US- dursitoota Afrikaa irratti dhimmoota akkamiitu ka'u? Ministira Muummee Itoophiyaa Abiy Ahimad (PhD) dabalatee korri Ameerikaa- dursitoota Afrikaa marsaa lammaffaa gaggeessitoonni biyyoota 49 irratti hirmaatan har'a, Mudde 13, 2022 jalqaba. Korri guyyoota sadiif gaggeeffamu kun rakkoowwan addunyaa qoraa jiran akka rakkoo jijjiirama haala qilleensaa, bulchiinsa gaarii, wabii nyaataafi fayyaa addunyaa kan dabalatu yoo ta'u, filannoowwan daldalaafi invastimantii Ameerikaa -Afrikaa jabeessuurrattis ni xiyyeeffata jedhameera. "Korri kun Afrikaan gahee ijoo Jii'oo-polotikaa keessatti taphataa jirtuuf beekamtii kennuu irratti kan hundaa'edha. Ardiin kun uummattoota Afrikaa qofa osoo hin taane egeree addunyaa qixa-qabsiisti," jedhan gorsaan nageenya biyyaalessaa Ameerikaa Jaak Sulivaan ibsa gaazexeessitootaaf kennaniin. Koricha irratti gaggeessitoota biyyoota Afrikaa 49, akkasumas Gamtaan Afrikaa afeeramaniiru jechuun ibsa gaazexaaf kennan kanarrattis dubbataniiru. Kora Ameerikaa dursitoota Afrikaa torban kana keessa gaggeeffamu irratti Pirezidant Baayidan garee biyyoota 20 keessatti Gamtaan Afrikaa bakka dhaabbataa akka argatuuf deeggarsa taasisu jedhamee eegama. Dabalataanis Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii, Mana-maree Nageenyaa (UNSC) keessatti biyyoota Afrikaa keessaa "miseensi dhaabbataan akka itti makamuuf" deeggarsa gaafachuu dabalatee fooyya'insi akka taasifamuuf Pirezidant Baayidan murannoo qabu, jechuun dubbatan Siluuvaan. Baniinsi kora kanaa gaggeessitoota Afrikaa fi daayaasporaa irratti kan xiyyeeffatu ta'a. "Sagalee guddisanii dhageessisuu, michummaa waara'u uummachuu," mata-duree jedhuun kan gaggeeffamu korri kun, Afrikaannonni ardittii waliin hariiroo qabaniifi daayaasaporaan hariiroo aanga'oota Ameerikaa waliin qaban kan cimsu akka ta'e ibsameera.
Pirezidant Baayidan Ameerikaa-Afrikaa irratti tarsiimoo isaanii ifa yeroo taasisanitti akka beeksisanitti, "Dayaasaporaan Afrikaa madda cimina keenyaati," jedhan. Ardittii ijaaruudhaaf gahee olaanaa ijoolleen arditiirraa garbummaan gurguramanii Ameerikaa qaqqaban ammallee Afrikaa waliin hariiroo qaban miliyoonaa Ameerikaa keessa akka jiran kaasaniiru Joo Baayidan. Dabalataan korri kun dhimmoota akka kalqawwaan industiriifi dhimmoota naannoo hundaaf walqixa mijataa ta'e qabaachuurrattis kan fuulleffatu akka ta'e Ministeerri Dhimma Alaa Ameerikaa ibseera. Ameerikaan warra Afrikaatiif carraa daldala qaraxa irraa bilisa ta’e fayyadamuu (AGOA) jedhamuun beekamu waliin walqabatee ministiroota daldalaa biyyoota Afrikaa carraa kana fayyadaman waliin kora gaggeessitus har’a beellama qabatteetti. Korri aanga’aa olaanaa Imaammata Daldalaa Ameerikaa kan ta’an Ambaasaaddar Kaatiriin Taayiin durfamu kun, miseensonni mana-maree Ameerikaa, mootummaan Ameerikaafi aanga’oonni olaanoo Gamtaa Afrikaa barreessitoota daldala bilisaa ardii, Mootummoota Gamtoomaniitti Komishinii Dinagdee Afrikaa (UNECA), Baankii Misoomaa Afrikaafi hawaasa dinagdee naannoowwan gara garaa kan hirmaachisudha. Kora kana irratti adda-durummaan tumsawwan dinagdee cimsuu, michummaa gam-lamee dinagdeefi invastimantii cimsuu, walitti makama dinagdee naannoowwan gara garaa deeggaruufi dhimmoota daldala Ameerikaa-Afrikaa ilaallatan biroorratti faayidaa waloofi akkaataa hojiirra oolmaa AGOA irratti ni mariyatama. Ameerikaan waraana Tigraay waliin walqabsiisuun sarbamni mirgoota namoomaa raawwatamaniiru jechuun faayidaa daldala qaraxarraa bilisaa, AGOA Itoophiyaan irraa fayyadamaa turte dhorkuun ishee ni yaadatama. Carraa daldala qaraxarraa bilisaa (AGOA) kana keessaa Itoophiyaa baasuun ammoo lammileen kuma 200 ol ta’an galii gadi aanaa ta’e qaban irratti dhiibbaa akka qabaatu ministeerri dhimma alaa kan ibse yoo ta’u, keessumaa namoota walitti bu’insa keessaa gahee hin qabne dubartoota irratti miidhaan isa ani cima jedhee ture.
Carraa daldala qaraxarraa bilisaa (AGOA) kana keessaa Itoophiyaa baasuun ammoo lammileen kuma 200 ol ta’an galii gadi aanaa ta’e qaban irratti dhiibbaa akka qabaatu ministeerri dhimma alaa kan ibse yoo ta’u, keessumaa namoota walitti bu’insa keessaa gahee hin qabne dubartoota irratti miidhaan isa ani cima jedhee ture. Dhiyeenya kana ammoo Itoophiyaan gara carraa AGOAtti fayyadamuutti deebiyuudhaaf Mana-maree Mirgoota Namoomaa Mootummoota Gamtoomaniitti garee ogeessota mirgoota namoomaaf akka bakka waraanni walii waliinii kun itti gaggeeffame seenanii qorataniif hayyama yoo kennite akka ta’e gabaafameera. Akka gaazexaan Reporter kan Ingiliffaa gabaasetti, gareen ogeessotaa kun gara biyya keessaa seenaniin akka qorataniif akka haal-dureetti kaa’amuu isaa aanga’oonni Imbaasii Ameerikaa Finfineetti argaman dubbataniiru.
Akka New York Post gabaasetti, mi’oota isaafi hadha warraa isaa irraa fudhataman dhagaa gati jabeessa doolara 25,000, qubeelaa daayimandii, faaya gurraa doolara 25,000 fi qubeelaa ga’eela isaaniidha.
Joo Baayideen waraana Yukireen xumuruuf Puutin waliin mari'achuuf qophii tahuu himan Pirezidaantiin US Joo Baayiden yoo dhuguma waraana Yukireen xumuruuf fedha qabaate Vilaadmiir Puutin waliin wal arganii mari’achuuf qophii tahuu himan. Pirezidaantii Firaans waliin tahuun ibsa kan kennan Baayideen, Puutin hanga ammaatti qophii tahuu hin ibsine jedhan. Kireemiliin deebii kenniteen ‘’fedha keenya eeguuf’ Puutin mariidhaaf qophiidha jette. Baayideniifi Maakiroon waraana Raashiyaan gaggeessaa jirtu dura dhaabbachuu akka itti fufan himan. Haatahu malee, Dubbii Himaan Raashiyaa Dimitirii Peeskoov Moskoon yaada US fudhachuuf qophii miti jedhan. Dhugaatti Baayiden maal jedhan? ‘’Mariin kan danda’amu yoo Puutin Yukireen keessaa bahedha’’ jedhan. Mariidhaaf haalota jiran wal xaxaa taasiseera kan jedhan Peeskoov, Ameerikaan daangaa haaraa Raashiyaan Yukireen ofitti dabalteef beekamtii hin kennitu jedhan. Daangaa kanneen Raashiyaan xumura ji’a Fulbaanaa keessa seeraan ala ofitti dabalte. Pirezidaant Maakiroon, Baayiden waliin lammiileen Yukireen ‘’tasuma waan isaaniif hin taane fudhachuu akka hin qabne’’ waliigalleerra jedhan. Ministeerri Dhimma Alaa Xaaliyaanii Antoonii Tajjaanii Jimaata akka jedhanitti, nagaa Yukireeniif yeroon hojjennu dhufeera, garuu Kiyeev karaa wallaba taateen malee harka kennachuudhaan tahuu hin qabu jedhan. Kireemiliin amma qophii tahuu ishee agarsiisuu qabdi malee uummata irratti callistee boombii roobsuu hin qabdu jechuun La Repubblica gaazexaa jedhamutti himan. Kun kanaan osoo jiruu Phaaphasiin Kaanterbaarii Yukireen wayita daawwatanitti, hanga Raashiyaan waan Yukireen keessatti hojjechaa jirtu sobuu dhiistutti nagaan hin jiraatu jedhan. Buufata naannoo loltootni Raashiyaa yakka waraanaa raawataniiru jedhamuun himataman yeroo daawwataa turanitti, ’’Soba irratti hundaa’uun furmaatni dfhufu hin jiru’’ jedhan.
Buufata naannoo loltootni Raashiyaa yakka waraanaa raawataniiru jedhamuun himataman yeroo daawwataa turanitti, ’’Soba irratti hundaa’uun furmaatni dfhufu hin jiru’’ jedhan. ‘’Yakki waraanaa asitti raawwateera,’’ jedhan. Qondaalli Yuukireen olaanaan tokko erga waraanichi jalqabee as loltootni isaanii 10,000 hanga 13,000 tahan ajjeefamuu himaniiru. Gaggeesitootni biyyoota lamaanii miidhaa loltoota isaanii irra gahe ifatti hin ibsine garuu dubbii qondaala gorsaa pirezidaantii Yuukireen kana gaggeessaan waraana biyyattii hin mirkaneesine. Ji’a darbe qondaalli waraanaa US Maarki Miileey, loltootni Raashiyaa 100,000 fi kan Yuukireen 100,000 ol tahan erga waraanichi jalqabee ajjeefamaniiru ykn madaa’aniiru jedhan. Roobii darbe Komishinerri Gamtaa Awurooppaa Ursulaa von Leyen loltootni Yuukireen 100,000 tahan ajjeefamaniiru jedhan. Haa tahu malee, boodarra dubbii himaan Gamtaa Awurooppaa lakkoofsi jalqaba himame dogogoradha. Kun lakkoofsa loltoota gama lamaaniin ajjeefamanii ykn miidhaman dabalata jedhan. Aadde Ursulaan lammiilee nagana Yuukireen 20,000 tahanis waraanicha keessatti ajjeefamuu himaniiru. Imaanu'eel Maakiroonii fi Joo Baayiden Yuukireeniin itti fufanii akka deeggaran himanii, meeshaalee ittisa qilleensarraa dhiyeessuufii akka itti fufanis ibsaniiru.
Paartiin Rippaabilikaanotaa sagalee xiqqoon taa'umsa Mana Maree keessaa mo'atan Paartiin Rippaabilikaanotaa taa’umsa kongiransii gara gadii mana maree bakka bu'oota ummataa (Lower Chamber) keessatti taa’umsa caalmaa barbaachisu, 218 argachuu miidiyaan US, michuu BBC kan ta'e CBSn gabaase. Mana maree Bakka Bu’oota Ummataa keessatti paartileen lamaan taa’umsa xiqqoon wal caalu. Waggoota lamaan dhufan keessatti ajandaa pirezidaanti Joo Baayiden danquuf sagalee gahaan jira. Garuu yeroo ji’a Amajjii dhufutti wal gahiin Kongirensii gaggeeffamu warri Dimokiraatotaa taa’umsa caalmaa qabu. Filannoo walakkaa bulchiinsaa US irratti turban darbe gaggeeffame irratti paartiin Rippaabilikaanotaa maneen maree lameen keessatti taa’umsa caalamaa argatu jedhamee eegamee ture. Kaalifoorniyaatti yeroo kaadhimamaa Maayik Gaarshiyaa filaman taa’umsa sagalee caalmaaf isaan barbaachisu argatan. Akka gabaasa CBStti paartiin Rippaabilikaanotaa taa’umsa 435 keessaa 223, Dimokiraatotni ammo 218 argachuun goolabamuu hin hafu. Sagaleen kenname ammayyuu lakkaa’amaa waan jiruuf guyyootaaf ykn torbaniif taa’umsa caalmaan argachuun guutummaatti beekamuu dhiisuu mala. Garuu Keevin Makartii, kan Rippaabilikaanotni Dubbii Himaa Mana Maree tahuun Naansii Peelosii akka bu’aniif filatan taa’umsa caalmaa argachuu isaaniif gammachuu isaanii ibsataniiru. "Ameerikaanotni kallattii haaraaf qophiidha, rippaabilkaanotnis bu’aa barbaachisu argamsiisuuf qophiidha,’’ jedhan. Dubbii Himaa Mana Maree US ta'anii filamuuf, hogganaan Rippaabilkaanotaa sagalee xiqqaa qabu taa’umsa caalmaa 435 keessaa deeggarsa guddaa argachuu qaba. Naansii Peelosii salphaatti bakkicha kan gadi dhiistu jedhama.
Naansii Peelosii salphaatti bakkicha kan gadi dhiistu jedhama. Dubartii yeroo jalqabaaf hoggansa kana irra hojjette yoo taatu ibsa kennite keessatti hoggantuu Dimokiraatotaa taa’umsa xiqqaa qabanii tahuun itti fufuu fi dhiisuu ishee irratti homaa hin jenne. Pirezidaanti Joo Baayiden Maakaartiin injifachuu isaaniin baga gammadan jedhanii waliin hojjechuuf qophiidha jedhan. Kana booda taa’umsa caalmaa barbaachisu [majority] waan dhabaniif gara waraana siyaasaatti galaa akka jiranis akeekaniiru. Garuu kan abdii namatti horudha jedhan.
Doonaald Tiraamp filannoo pirezidaantummaa 2024 irratti deebi'ee dorgomuuf Pirezidaantiin duraanii US Doonaald Tiraamp filannoo pirezedaantummaa bara 2024f akka dorgomuu danda’u akeeke. Iowa magaalaa Siyooksi jedhamtutti deeggartoota isaaniitti akka himanitti ‘’ammas carraan dorgomuu koo guddaadha’’ jedhan. Filannoo walakkaa bulchiinsaa torban dhufu gaggeeffamu irratti kaadhimamtoota rippaabilikaanotaaf duula na filadhaa yeroo gaggeesanitti kana dubbatan. Tiraampi guyyoota shan keessatti duula na filadhaa afur gaggeessaniiru. Pirezidaantiin biyyattii Joo Baayidanis sagalee caalamaa argachuuf jecha guutuu biyyattii irra naanna’aa jiru. Lamaan isaanii Baayidanis tahe Tiraamp maqaan isaanii waraqaa filannoo torban dhufu madaallii aangoo koongiresii keessaa fi bulchiinsa naannolee eeguuf gaggeeffamu irra hin jiru. Haatahu malee, filannoon gidduun gaggeeffamu kun filannoo pirezidaantummaa waggaa lama booda gaggeeffamuuf haala mijataa uuma. Kamisa galgala misaansa paartii Rippaabilikaanotaa kan tahan Tiraampi ragaan argamuu baatus filannoo bara 2020 sababa burjaajjiin uumameefan mo’ame jechuun dubbatan. ‘’Yeroo laman dorgome, yeroo lachuun mo’adhe,’’ isa duraa kan bara 2016 caalaayyuu isa lammaffaa kan bara 2020 irrattin sagalee caalmaa miliyoonotaan argadhe jedhan. ‘’Akkasiinan seenaa biyya kanaa keessatti pirezidaantii aangoo irra osoo jiruu sagalee guddaa argate jalqabaan tahe,’’ jedhan. ‘’Amma biyya keenya milkooftuu, naga qabeessaa fi kabajamtuu gochuuf irra deebiin nan dorgoma’’ jedhan. ‘’Yeroo dhiyootti,’’ jechuun deeggartoota isaan marsanii turanitti ‘’qophaa’aa’’ jechuun himan. Seenaa Ameerikaa keessatti pirezidaantii aangoo irra jiranii sagalee caalmaa argatan jalqabaa tahuun sagalee miliyoona 72 argatanii ture, garuu Joo Baayidan sagalee miliyoona 81 argatanii isaan mo’achuun aangoo qabatan.
Seenaa Ameerikaa keessatti pirezidaantii aangoo irra jiranii sagalee caalmaa argatan jalqabaa tahuun sagalee miliyoona 72 argatanii ture, garuu Joo Baayidan sagalee miliyoona 81 argatanii isaan mo’achuun aangoo qabatan. Baayidan naannoo bulchiinsa Niw Meksiikoo fi Kaalifoorniyaa keessaa paartii isaaniif duula gaggeessaa turan. Karoora duula filannoo bara 2024’f akkamiin qophaa’uu akka qaban irratti gorsitoota isaanii waliin wal arguun mari’achuuf jedhame. Ammas carraan Tiraampi waliin morkachuuf qaban guddaadha. Tiraampis karaa isaaniin yeroo sadaffaaf duula filannoo pirezidaantummaa gaggeessuuf akka jedhan ji’oota darbe irraa eegaluun dubbataa turan. Bulchiinsa Peniselvaaniyaa keessattis ‘’irra deebiin dorgomuunkoo hin hafu,’’ jechuun dubbataniiru. Gorsituun duraanii Tiraamp Keeliyaanii Koonwey, Kamisa darbe kana Waashingitan DCtti hogganaan ishee duraanii karoora filannoo pirezidaantummaa isaanii ilaalchisee ‘’yeroo dhiyootti karoora isaanii ifa godhu’’ jette. Tiraampi yoo filannoo bara 2024 kan dorgomu tahe paartii isaa keessaa morkiin isa mudachuu hin hafu. Paartii Rippaabilikaanotaa irraa namni isaan morkachuu danda’an tokko itti aanaa isaanii kan turan Maayik Peensii fi bulchaa Filooriidaa Roon DeSaantis jedhamanidha.
Dhaabbileen Wall Street daafaa ergaa hojjattootaan doolaara bil. 1.8 adabaman Dhaabbileen Wall Street gurguddoo muraasni erga hojjattoonni waa'ee hojii meeshaafi appii mataasaanii irratti haasa'anii booda dhaabbata to'ataa maallaqaa Ameerikaatiin adabbii waliigalaa doolaara biiliyoona 1.8 akka kanfalaniif adabe. Komishiniin Nageenyaa fi Jijjiraa (SEC) akka jedheetti, qorannoon gaggeeffameen ''haasaawwan karaa chaanaalii ta'u qabaatuun alaa'' jiraachu adda baase. Dhaabbileen akka Barclays, UBS fi Goldman Sachs kanneen dhaabbilee 16 qaama to'ataadhaan eeraman keessatti argamu. Qorannoon indastiriin guddaa kana irratti gaggeeffamee kunis dhimma Komishiniin Nageenyaa fi Jijjiraa (SEC) fi Komishiniin Daldalawwan Egeree Meeshaalee (CFTC) isa ijoodha jedhameera. Ibsa guyyaa Kibxataa addatti baheen ammoo, addabbiin irratti murtaa'ee waliigalatti doolaara biiliyooan 1.1 ta'u Komishiniin Nageenyaa fi Jijjiraa (SEC) ibseera. Komishiniin Daldalawwan Eegeree Meeshaalee (CFTC) gama isaatiin ammoo addabbii doolaara miliyoona 710 itti murteessuu beeksiise. ''Maallaqni irra jireessa amantaa irratti hundaa'a. Haala qabiinsa galmee kabajuu dadhabuu fi dirqama galmee eeguu cabsuun, hirmaattoonni gabaa kanneen har'a adabne kunneen amantaa isaanii eeguu dadhabaniiru'' jedhan dura taa'aan SEC Gaarii Gensilar. Ammajii 2018 hanga Fulbaana 2021tti, hojjattoonni baankii yeroo hedduu waa'ee dhimma hojii hiriyoota, maamiltootaa fi qaamoole sadaffaa gorsa kennan kan biraa waliin meeshaa dhunfaa isaaniirratti appiiwwan fayyadamuun karaa ergaa barreeffamaa fi WahatsApp wali jijjiraa turan jedhan to'ataan. Dhaabbileen kunneenis haasaawwan seeroota federaalaa fi dhaabbileen faayinaanisii akka odeeffannoo bizinasii eegganiif gaafatu cabsaniiru jedhame.
Dhaabbileen kunneenis haasaawwan seeroota federaalaa fi dhaabbileen faayinaanisii akka odeeffannoo bizinasii eegganiif gaafatu cabsaniiru jedhame. Taateewwan kunneenis to'attoonni akka seeroota ijoo ta'an eegamuu hin mirkanneessinee fi odeeffanno walitti hin qabaneef dhiibbaa irratti taasisulleen eeggansiiwwan kaasan. Qorannoon kunis Wall Street kan raasee yoo ta'u hojjattoonni baankii muraasnis hojiisaanii dhabaniiru. Akkasumas kaampaaniiwwan fayyadama appiiwwan hin mirkannoofne dhorkuudhaaf seeraa haaraa cimaa baasuuf dirqamaniiru.
US yeroo jalqabaaf Arkitikitti Ambaasaaddara muuduuf Naannoo Arkitikitti muddamni US fi Raashiyaa gama waraanaan jiru haalaan dabalaa deemnaan Ameerikaan Ambaasadara jalqabaa naannichatti muuduuf jetti. Dubbii himaan Isteet Dippaartimantii US akka jedhanitti, naannoo bantii Kaabaa kanaatti ambasadarri US muudamu imaammata US irratti bal'inaan hojjeta. Jimaata darbe hogganaan NATO Jiinsi Istoontelbergi, naannoo bantii Kaabaatti Raashiyaan muddama fidaa akka jirtu akeekkachiisaniru. Akkasumas Chaayinaan naannichatti socho'aa akka jirtu himaniiru. Ambaasaadarri Ameerikaa muudamu dabalataan biyyoota naannichaa torba akka Kanaadaa, Denmaarki, Iswiidin, Finlaandi, Ayislaandi, Raashiyaa fi Noorwey waliin kan hojjetu taha. Akkasumas hawwaasa ganamaa naannichaa fi qooda fudhattoota biroos hirmaachisuun waliin akka hojjetu ibsi ministichaa eera. Ministera Dhimma Alaa US, Antoonii Biliinkenif nageenyaa fi tasgabbiin naannichaa dhimma dursi kennamuuf yoo tahu, US'f ammoo ''imaammata murteessaa faayidaa qabudha,'' jedhe dubbii himaan Isteet Dippaartimantii US, Veedant Paatel. Antoonii Biliinken dhiyeenyatti naannichaaf Ambaasadar tokko kan muudan yoo tahu, seneetii biyyattiin ragga'uu qaba. Tarkaanfiin kun kan fudhatameef akkuma Raashiyaan naannoo bantii Kabaa keessa socho'aa jiraachuu dhagahameeti. Chaayinaan gidduugala qorannoo Arkitik keessatti ijaaraa jirti. Barreessaa Ol aanaa NATO, Jiinsi Istooltenbergi, Jimaata darbe kana naannoo bantii Kaabaa Kanaadaa daawwataniiru. Dandeettii Raashiyaan bantii Kaabaa keessatti qabdu istraateejii waraanaaf rakkoo tahuu danda'a jedhan. Danqaawwan jiran yoo ibsan Raashiyaan ''buufata waraanaa Arkitik dhibbaan lakkaa'aman bara Sooviyeet taatee turte fayyadamaa turtee fi haaraa deebistee banuu,'' fi Raashiyaan bantii Kaabaa ''yaalii meeshaalee waraanaa jajjaboo akka haayipersoonik tahaniif itti fayyadamuu'' tahuu akka malan himan.
Danqaawwan jiran yoo ibsan Raashiyaan ''buufata waraanaa Arkitik dhibbaan lakkaa'aman bara Sooviyeet taatee turte fayyadamaa turtee fi haaraa deebistee banuu,'' fi Raashiyaan bantii Kaabaa ''yaalii meeshaalee waraanaa jajjaboo akka haayipersoonik tahaniif itti fayyadamuu'' tahuu akka malan himan. Istooltenbergi Chaayinaan tajaajila doonii fi qabeenya naannicha keessa jiru abuuruuf garasitti socho'aa jiraachuus himaniiru. ''Beejingii fi Mooskoon waliin tahuun oppireeshinii cimaa Arkitik keessatti gaggeessuu barbaadu.'' ''Michummaan akkasii cimaan ammoo duudhaa fi fedha naanichaa qabnuuf danqaa guddaa tahuu danda'a'' jedhan. Jijjiiramni qilleensaa naannoo bantii Kaabaa mijataa taasisaa jira jedhan. Kunis cabbiin isaa baqaa waan jiruuf akka naannicha galaniif haala mijataa uumaafii waan jiruuf. Liisaa Murkowiskii, seenatarri Rippaabilikaanotaa Alaaskaa irraa muudamicha simatteetti. Naannoo Arkitik keessaa US qofatu dippilomaasiif Sadarkaa Ambaasadaraatti bakka bu'aa hin qabu jette. Ambaasadarri haaraan muudamu, baka qindeessaa dhimma naannoo Arkitik sadarkaa dippilomaatiitti turee Jiim DeHaarti bu'a.
Haleellaa Saalman Rashdii keessaa harka hin qabu- Iraan Iraan waraanamuu Salmaan Rashdii keessaa harka hin qabu jette. Iraan nama Saalman Rashdii irratti haleellaa raawwate wajjin walitti dhufeenya homaatuu akka hin qabne ibsitus, Saalmaniin hadheessuu garuu hin dhiisne. \n\nSaalman Raashdii gaheessa ganna 75 yoo ta'u, Niiwu Yoorkitti waltajjii irratti haasaa taasisaa osoo jiruu waraanamee miidhan cimaan irra gahee ture. \n\nSababa kitaaba isaa The Satanic Verses jedhuutin doorsisni ajjeechaa yeroo garaa garaatti isarra gahaa tureera. \n\nMinisteerri dhimma alaa US Antoonii Biliinkan Iraan haleellaa barreessaa beekamaa kana irratti qaqqabeef gammaddeetti jechuun komate. Dubbi-himaa minsiteera dhimma alaa Iraan kan ta'e Naasir Kanaan, Tehraan namicha Saalman irratti haleellaa raawwate wajjin walitti dhufeenya homaatuu hin qabu jechuun jechuun waakkate. Kanaaf, "namni kamiyyu Rippabilika Islaamaa Iraaniin maqaa baleessuuf mirga hin qabu," jedhan.\n\nHaata'u malee, mirgi walabaan of ibsachuu Mr Rashdiin barreeffama isaa keessatti amantaa arrabsuu isaa hin dhugoomsu. "Haleellaa kana keessatti, nama kamiyyu hin komannu Rashdii matuma isaafi deegartoota isaa warra aabaaramuun isaaniif malu malee jedhan dubbi-himaan kun ibsa idilee torbanii Tehiraan keessatti kennaniin. \n\nIraan waa'ee haleellaa Rashdii irratti raawwatamee miidiyaa irraa kan dhageesse malee odeeffannoo biroo hin qabdu, jechuun itti dabaluun ibsan. Rashidiin "mirga yaada ofii bilisaan ibsachuu, mirga amantii fi ilaalchaa, fi walabummaa pireesitiif osoo ijjannoo isaa hin jijjiiren fakkeenya ta'e" jechuun Biliinkan isa jajan. "Qaamonni seeraa haleellaa kana yeroo qorataa jirutti haasaa jibbiinsa fi hokkora kaasudhaan qaamonni mirgoota kana xiqqeessanii ilaaluu barbaadan akka jiran nan beeka," jedhan Biliinkan.
"Qaamonni seeraa haleellaa kana yeroo qorataa jirutti haasaa jibbiinsa fi hokkora kaasudhaan qaamonni mirgoota kana xiqqeessanii ilaaluu barbaadan akka jiran nan beeka," jedhan Biliinkan. \n\nItti dabaluunis, "Addumatti dhaabbileen Iraan waggoota hedduuf Raashidii lubbuu isaatif yaaddessaa turan. Dhiyeenya kan ammoo miidiyaan biyyoolessaa biyyattii haleellaa Rashidii irratti gaggeeffame jajee ture. Kuni ammoo jibba" jedhan. Biliinka akka jedhanitti, US fi michoonni ishee wantoota akkasii yaaddoo uuman dura dhaabachuuf waan danda'an hunda ni godhu. Dilbata ilmi Mr. Rashdii, abbaan isaa haala yaaddessaa keessa akka jiru himee ture. \nHaata'u malee, yeroo Rashii irraa ventileetariin kaafame maatiin baayyee gamadanii ture, jechuun jechoota muraasas dubbachuu jalqabeera jedhe. ejentiin barreessaa kanaa Andiriiwu Wiyilii akka jedhetti, cinaacha gamtoonni miidhaa hamaa irra gahe irraa kan ka'een tiruun isaa hubameera, carraan ija isaa tokko dhabuus jiraachuu mala.\n\nNamni Mr.Rashdii waraanuudhaan himatame Hadii Maatar jedhamu umuriin isaa waggaa 24 ta'e, himannaa yaalii ajjeechaafi miidhaa qaqqabsiisuu irratti dhiyaate waakkateera. Namni kun waltajjiitti fiiguudhaan Mr.Rashdii yoo xiqqaate bakla 10 fuularra, mormaafi garaarra waraanuun himatame. Barreessaan asoosamaa beekamaa kun kitaaba isaa The Satanic Verses jedhu bara 1988 barreesse hordofee mormii isa mudateen waggoota 10 dhokannaatti dabarse. Akkaataa inni itti Nabiyyuu Mohaammadiin dhiyeesse amantichaaf arrabsoo guddaadha jechuun Musliimonni hedduun mormii dhageessisaa turaniiru. Mr. Rashdii doorsisni ajjeechaa kan irratti raawwatamaa ture yoo ta'u, dursaan olaanaa amantii Iraan, Ayatollah Ruhollah Khomeini, fatwa' irratti labsuun nama Mr Rashdii ajjeesee mataa isaa fideef dolaara miliyoona 3 badhaasuuf waadaa galanii ture.
'Poolisiin mana koo weerare' - Tiraamp Pirezidaantin duraanii US Donaald Tiraamp poolisiin mana isaa Filooriidatti argamu weeraruu hime. Manni isaa Mar-a-Lago'tti argamu sakatta'aaf poolisoota hedduun akka weerarame Tiraamp dubbate. Kaayyoon sakatta'a kanaa Tiraamp yeroo aangoo pirezidaantummaa irraa bu'u dookumetiiwwan manatti fudhatee galetu jira jedhamee waan shakkameef. Abukaatoo Tiraamp kan taate Kiristiinaa Boob NBCtti akka himtetti, sakatta'a kanaan poolisiin waraqaaleen qorannoof fudhate jira. Sakatta'insi poolisii tasa mana Tiraampitti gaggeeffame kun yeroo inni filannoo pirezidaantummaa bara 2024tti hirmaachuu danda'a jedhamettidha. "Yeroon kun biyya keenyaaf yeroo dukkanaati," jechuun dubbate Tiramp. Poolissoonni osoo itti hin himiin mana isaa weeraranis waan isaan gaafatan hundaan akka qaamolee seeraa deeggare dubbata. Tarkaanfiin qaamoleen seeraa fudhatan filannoo dhufurrratti akkan hin hirmaannef kan kaayyeffate akka ta'e ibsa Tiraamp. "Gochaan akkasii biyyoota hin guddanne keessatti kan gaggeeffamudha. Kan nama gaddisiisu Ameerikaanis akkuma biyyoota hin guddannee taatee jirti," jedhe Tiraamp. Ilmi isaa Erik Tiraamp Fox News'tti akka himatti, FBI ajaja sakkatta'a qabatee dhufuun mana Tiraamp kan sakatta'e dookumentiiwwan biyyaalessaa mana keessaa qaba kan jedhuunidha. Biiron Galmee Biyyoolessaa baruma kana muummen haqaa akkaataa qabiinsa ragaalee biyyaalessaa irratti Tiraamp akka sakatta'u gaafatee ture. Akka ibsa biirichaatti mana Tiraamp 'Mar-a-Lago' jedhamu keessaa waraaqaalee sanduuqa 15 sassaabuufi kanneen keessatti ragaaleen icciitii biyyaalessaa fa'aa ni argama jedhameeti. Pirezidaanti Ameerikaa tokko gaafa aangoo irraa bu'u xalayaawwaan, ergaawwan imeeliifi ragaalee hojii bara pirezidaantummaa isaa dabarsee Biiroo Galmee Biyaalessaatti akka kennu seerri biyyattii ni ajaja.
Pirezidaanti Ameerikaa tokko gaafa aangoo irraa bu'u xalayaawwaan, ergaawwan imeeliifi ragaalee hojii bara pirezidaantummaa isaa dabarsee Biiroo Galmee Biyaalessaatti akka kennu seerri biyyattii ni ajaja. Haata'u malee, Tiraamp gaafa aangoo irraa bu'u ragaalee heddu osoo hin deebisiin manatti fudhatee akka gale dubbatu aangawoonni. Himannaa kanaan dura irratti dhiyate "oduu sobaati" jechuun haalee ture Tiraamp. Miseensonni Sekreet Sarvis Tiraamp eega tura dursee odeeffannoon waan isaan gaheef poolisoota FBI sakatta'aaf dhufan dura hin dhaabbanne jedhame. Waajjirri Pirezidaant Baayidan dhiibbaan siyaasaa qorannicha irratti akka hin taasifamneef qunnamtii aangawoota olaanoo waajira haqaa wajjin qabu akka xiqqeessu beeksise. Biiron Galmee Biyyoolessaa qofa osoo hin taane, koreen mana-maree bakka bu'oota biyyattiis dhimma hokkora bara 2021 tti Waayit Haawusitti ka'eef Tiraamp irratti qorannoo gaggeessaa jira. Biiron haqaa biyyattiis filannoo bara 2020 irratti danqaa Tiraamp uumef qorannoo gaggeessaa jiraachuu ibse. Abbaan alanga waliigalaa Meerik Gaarland, kanneen danqa kana keessaa harka qaban hunda seerattan dhiyeessa jedhan.
Jaakkeettiin Baaz Aldiriin uffatee addeessarra qubate, doolara mil. 2.8’n gurgurame Qorataan hawaa ykn astiroonaat Baaz Aldiriin yeroo gara Addeessaatti imale jaakkeettiin inni uffatee ture, calbaasii Niiw Yoorkitti dhiyaateen doolara miliyoona 2.8n gurgurame. Baaz Aldiriin jaakkeettii balalii adii, alabaa US fi asxaa Nasa’n faayame kana uffattee rookkeetii Apollo 11 jedhamee beekamuun gara Addeessaa imale. Astiroonaatiin umurii ganna 92 kun, jaakkettii kana dabalatee mi’a dhuunfaa isaa 69 calbaasiif dhiyeesseera. Jaakkeettiin kun mana calbaasii Soteebiin kan gurgurame yoo ta’u, seenaa Ameerikaa keessatti mi’a hawaa calbaasiitti gurgurame isa qaalii ta’eera. Astiroonaat Baaz Aldiriin bara 1969’tti gara Addeessaa kan imale yoo ta’u, ogeessota sadan yeroos imalan keessaa kan lubbuun jiru isa qofa. Imala guyyaa ja’aaf hawaa keessa taasisaniin Baaz harka caalaatti jaakkettii kana uffatee kan ture yoo ta’u, yeroo inni itti ofirraa geeddaree tokko yemmuu dachee Addeessaarra ejjechuuf jecha uffataa dhibbaa qilleensa to’atu uffatedha. Yeroo inni Addeessarra ejjetu, addunyaa guutuu irratti namootni miliyoona 650 ta'an kallattiin TV irratti ilaalaa turani. Gara sa’aatii 21 ol Addeessarra erga turanii boda Baaz fi Niil Armistiroong rookkettii Appolootti deebi’uun jaakkettii balalii isaanii uffataniiru. Baaz ergaa barreeffamaa jaakketichaa waliin calbaasiif ergeen jaakkeetichi kaanirra “caalaatti mijaatadha” jedheera. Jaakkeetiin huccuu ibidda dandamachuu danda’u Beta Cloth jedhamurra hojjetame kun, imala hawaa 1969 irratti uffata turan keessa caalbaasiin kan gurguramee kana qofadha.
Jaakkeetiin huccuu ibidda dandamachuu danda’u Beta Cloth jedhamurra hojjetame kun, imala hawaa 1969 irratti uffata turan keessa caalbaasiin kan gurguramee kana qofadha. Dorgommiin bittaa jaakkeettii kana gara daqiiqaa 10f erga adeemsifamee booda, dhumarratti nama karaa bilbilaan bittaaf dorgomaa tureefi eenyummaan isaa hin beekamneen bitamuu isaa, Soteebiin ibseera. Meeshaaleen Baaz calbaasiif dhiyaatan biroo keessa, iswiichii to’annoo elektirikii cabee jiru fi qalama (peennaa) inni yaada isaa barreessuuf balalii irratti fayyadame ni argamu. Walumaagalatti meshaaleen astiroonaatii kanaa hundi doolaraa miliyoona 8.2’n gurguramaniiru.
Miseensi Kongireesii Ameerikaa Ilhaan Omaar hidhamte Dhalattuun Somaaliyaa miseensa Kongireesii Ameerikaa taate Ilhaan Omaar waayillaan ishee waliin hiriira mormiirratti hirmaattee poolisiin to’atamte. Ilhaan Omaar tibbana Manni Murtii Waliigalaa Ameerikaa ulfa baasuun akka dhorkamu murtii dabarse mormuun Waashingiten D.C tti kan hirmaatte yoo ta’u, miseensota paartii Dimokiratotaa 17 waliin to’atamte. Miseensonni paartii Dimokiraatotaa kan to’ataman yoo ta’u, Ilhaan Omaar miseensota kaan waliin to’atamuu toora tiwitaraa gubbaatti barreessite. ‘’Mormii hawaasaarratti otoon hirmadhuu poolisiin to’atameera. Miseensota mana maree biroo waliin ajaja mana murtiin alattin to’atame,’’ jechuun tiwitara gubbaatti barreessite. Ilhaan Omaar mirgi dubartoonni Ameerikaa ulfa baasuu isaanii akka kabajamu tattaffii taasiftu akka itti fuftu himteetti. ‘’Fayyaa wal hormaata keenyarratti haleellaa raawwatame ilaalchisee kanin danda’u raawwachuu ittin fufa,’’ jette. Viidiyoon tiwitara gubbaatti maxxanfame tokko Ilhaaniifi miseensonni Kongireesii biroo Mana Murtii Waliigalaa fuulduratti harkisaanii akka waan hidhameetti mormii wayita dhageessisan argaman. Poolisiin Ameerikaa miseensota mana maree bakka bu’ootaa 17 dabalatee namoota 35 to’achuu mirkaneesse. ‘’Sochii konkolaattootaa ugguruun gocha seeran alati. Hiriirtonni daandii cufuu wayita eegalanitti poolisonni irra deddeebiin akekkaachisanillee dhageetti hin arganne,’’ jechuun sababa tarkaafiin hin fudhanneef toora tiwitaraa gubbaatti ibseera. Miseensonni mana maree bakka bu’ootaa kan hidhaman mirga ulfa baasuu waggoota dheeraaf biyyattii keessatti eeyyamamee ture guutummaa biyyattii keessatti dhorkuu hordofeeti. Bara 1973 irraa kaasee murtoon seera ulfa baasuu hayyamu duuba deebiyuu hordofee namoonni hedduun mana murti waliigalaa biyyattii fulduratti hiriira bahuun mormii itti fufaniiru.
Bara 1973 irraa kaasee murtoon seera ulfa baasuu hayyamu duuba deebiyuu hordofee namoonni hedduun mana murti waliigalaa biyyattii fulduratti hiriira bahuun mormii itti fufaniiru.
Bakki bashannanaa warra gurraachotaa irraa fudhatamee ture waggaa 100n booda maatiif deebi’e Aanga’oonni Loos Anjalas bakka bashannanaa qarqara galaanaa waggaa 100n dura abbaa lafaa gurraachotaa irraa fudhatame, dhaaltota isaaniif deebise. Tibba loogiin sanyii Kaaliifoorniyaa keessatti babal’atee tureettidha lafti qarqara galaana Biruus warra guraachotaatiif lafa bashannannaa akka ta’uuf bara 1912tti bitamee kan ture. Haata’u malee bara 1924tti mana maree naannichaatiin irraa fudhatame. Aanga’oonni Loos Anjalas ammoo Kibxata darbe laficha maatiidhaaf deebisiisuuf waliigalan. Wiilaa fi Chaarlas Biruus lafa lamaan dooraala 1,225 ture bara 1912tti kan bitan. Ammaan tanattis lafichi gara doolaara miiliyoona 20 baasa. Wiilaan tibba tokko gaazexessaadhaan ‘‘lafa riizoortii qarqara galaanaa bituuf yoo yaalutti yeroo hunda akka jalaa kufaa ture hime. ''Laftichi kanuma koo waan ta’eef qabadheetuman ture,’’ jedhanii ture. Qarqarri galaana Biruus waggoota ittaanan kudhaniif, ‘‘lammiilee Afrikaa-Ameerikaa guutuu Kibba Kaaliifoorniyaa irraa bashannanaaf gara kanatti imalaniin eddoo bashannanaa ta’a’’ jechuun ture dubbi Himaan maatii BBC’tti kan hime. Poolisiin naannichaa garuu mallattoolee konkolaataa daqiiqaa 10 ol dhaabuu dhorku dhaabeera. Eddoo biraatti ammoo abbootiin qabeenyaa illee darbuu akka hin dandeenyeef mallattoo waan kaa’aniif namoonni bishaan bira gahuuf daandii fageenya km tokkoo akka imalan dirqisiiseera jedhan. Tarkaanfiiwwan kunneen dowwattoota dhaabuu waan hin dandeenyeef, aanga’oonni naannichaa seeratti fayyadamuun laficha fudhatan. Seerrichis mootummaan lafa daandiifi tajaajilawwan ummataa biraatiif barbaade dirqiidhaan akka bitu gochuuf yaadamee kan bahe ture.
Aanga’oonnis paarkii ijaaruuf yaadanii akka ta’e dubbatan. Haata’u malee naannichatti waggootaaf osoo homtuu hin hojjatamin turuun booda ijaarsi kan raawwatame. ‘‘Tarkaanfiin kunis bizinasiiwwan warra gurraachotaa fi sharikoota saanii ari’achuuf yaalii sanyii irratti bu’uureffate akka ture sirriitti mirkanaa’eera,’’ jechuun Kibxata yeroo lafti deebi’etti ibsameera. Laficha deebisuuf duula baroota dheeraafi adeemsa rakkisaa keessa darbameera. Qarqara lagaa kanas siidaan yaadannoon Wiilaa fi Chaarliis barootaaf irra dhaabbateera. Seera tumaan bulchiinsichaa kanaaf jedhamee seera akka qabeenyichi deebifamu dandeessisu baasuu qaba ture. Amma bulchiinsi magaalichaa maatiiwwan irraa laficha waggaan doolaara 413,000 kireeffachuun itti fayyadamaa jira. Haala waliigaltee liizichaatti, gara fuula duraatti lafichi doolaara miiliyoona 20 fi baasiiwwan gara biraa dabaluun irraa bituu akka dandeessisu keewwata itti dabaleera. Siidaan bakka bashannanaa sana keessa jiru namoota hedduun doowwatama. Wiilaa fi Chaarlisiif kan ilma akaakilee ta’e Antoonii Biruus, ‘‘guyyaan kun akka dhufu mirkana hin turre’’ jedheera. ‘‘Gama faayinaansitiin isaan dadhabsiiseera. Abjuu milkaa’inaasaanii balleesseera. Osoo waan har’a ta’e kana arganii jedheen hawwa ture,’’ jedhe. ‘‘Naannawa seenaa Ameerikaa kun itti hin dubatamneeti, kun akka ija namoota banu abdiin qaba. Tarkaanfii kun dogongorawwan darban sirreessuuf kan dandeessisuudha jennee yaadna.’’ Miirri dhiibbaa lafa saamuu hanga har’aattuu jira jechuu dandeenya jechuun dubbate ture Shiipaardi duraan. ‘‘Hawaasa kana keessaa ari’atamne… hanga ammaattuu bakka bu’iinsi hawaasa Afriikaa-Ameerikaa qarqara galaana Maanhaataaniitti dhibba keessaa tokko qofaadha,’’ jedhe ragaa magaalichaa eeruudhaan.
‘‘Hawaasa kana keessaa ari’atamne… hanga ammaattuu bakka bu’iinsi hawaasa Afriikaa-Ameerikaa qarqara galaana Maanhaataaniitti dhibba keessaa tokko qofaadha,’’ jedhe ragaa magaalichaa eeruudhaan.
UStti poolisoonni sadi xalayaa ajaja mana-murtii geessuu deeman ajjeefaman US kutaa bulchiinsa Kentakii keessatti poolisoonni sadii xalayaa mana murtii namni himatame akka dhiyaatuuf geessuuf deeman ajjeefaman. Poolisoonni kunneen nama mana keessatti hokkara uumeera jedhamee himanni irratti baname mana murtiitti akka dhiyaatuuf yeroo ajaja qabatanii dhaqan ture rasaasa itti dhukaafameen kan ajjeefaman. Poolisiin shakkamaa umuriin isaa waggaa 49 ta'e miseensota isaatti dhukaasee ajjeese kana to'annoo jala oolcheera. Ajajaan Poolisiin Filooriidaa Joon Haant poolisoonni yeroo mana shakkamaa kana gahanitti wanti isaan mudate 'ibidda si'ol' waan fakkaatudha jechuun ibsan. Dhukaasa shakkamaan kun raawwateen poolisoota ajjeefaman sadiin alatti namoonni afur biroon madaa'aniiru. Poolisoonni rasaasa itti dhukaafameen ajjeefaman Kappiteen Raafiil Fireezar, itti-gaafatamaa itti-aanaa poolisii Wiiliyaan Peetiriifi Jaakob Chaafiins turan. Haleellaa kanaan sareen poolisiin ajjeefame Jaakob jedhamu qabatee ture Kee9 Diraagon jedhamus ajjeefameera. Kaappiteen Fireezar, waajira poolisii Kentakii keessa waggoota 39f akka kabajaafi amanamummaan tajaajile waajirri isaa himeera. Poolisoonni kunneen mana shakkamaa kanaa galgala keessa sa’aatii tokko irratti yeroo qaqqaban dhukaasni wal walirratti itti banamuun ibsameera. Dhukaasni tures sa’aatii sadiif kan itti fufe yoo ta’u, boodarra shakkamaan maqaan isaa Laans Istoorz jedhamu marii maatii isaa waliin taasiseen booda harka kennateera. Namni kun poolisii ajjeesuun himata lama, yaalii ajjeechaan ammoo himannaa shaniifi himannaawwan biroos irratti banamaniiru. “Barri kun nu hunda keenyaaf qormaata jabduudha," jedhan bulchaan Kentakii Andii Besheer ergaa bulee isaa miidiyaa hawaasaa isaaniirratti qoodaniin. Bulchaan Filooriidaas akkasuma, “guyyaa kaleessaa haala gaddisiisaa ta’een gootota poolisoota keenyaa dhabneerra,” jedhan.
Bulchaan Filooriidaas akkasuma, “guyyaa kaleessaa haala gaddisiisaa ta’een gootota poolisoota keenyaa dhabneerra,” jedhan. Poolisiin Kentakii haleellaa kana irratti qorannoo banuu isaas beeksiseera.
Maatiiwwan kee duri kan garboomfaman ta'uu attamiin mirkaneessita? Mootummaan Kaaliforniiyaa, Ameerikaa jiraattota bulchiinsichaa akka maatiin isaanii durii (abuduroowwan) isaanii garboofaman ragaa dhiyeessaniif beenyaa kanfaluuf bara kana sagantaa raggaasise. Ragaa gaafachuun adeemsa ta'as jetti oggeettiin qorannoo hidda sanyii. Adriin Abi'odun dhalattuu nama garboofameefi maqaan isaa Filiip Biraanch jedhamu tokko akka taate beekti. Maqaan nama isa garbummaan bulchaa tures Joon Waayitaakar akka jedhamu himti. Abaabayyuun arfaffaa ishee Aab Biraanch kan dhalatan baroota, 1795-1800tti Kaarolinaa keessatti ture. Achinis gara Misiisiippiitti fudhatame. Maatiiwwan Biraanch guutuun maatii Waayiteekariin garboomfaman. Aadde Abi'oduun miseensota maatii aanteeshee duraan garboomfaman irraa dhalatan hedduu Kaaliforniyaa keessaa qabdi. Maatiiwwan akkayyaa ishees dhiibbaa garbummaan booda ture baqachuun bara 1947 keessa gara Kaaliiforniyaa kan imalan. Ogeettii qorannoo seera hidda dhalootaa (Legal Tree Genealogists) kan taate, labsii bulchiinsichaa itti dhiheenyaan hordofaan jira jetti. Kanaafidha Kaaliforniyaan bulchiinsa Ameerikaa duraa Ameerikaanoota gurraallee bara garboomfannaa miidhaan irra gaheef beenyaa kanfaluuf kan jalqabaa ta'e. Bara 2020 keessa, bulchiinsichi cubbuu garboomsuu Ameerikaanoota jalqabaa jedhameef kanfaltii taasisuuf garee dhimmicha qoratu hundeesse. Guraandhala bara kanaa keessa ammoo, lammiilee Afrikaa-Ameerikaa Kaaliforniyaa keessaa kallattiidhaan kan warra durii garboomfaman irraa dhalachusaaniif ragaa dhiyeessaniif kanfaltii raawwachuuf karoora ifa taasise. Waxabajjii 1 irratti ammoo, taaski foorichia garboofachuun attamiin gurraachiita Ameerikaa bulchiinsicha keessatti argaman irratti dhiibbaa akka taasise ilaalchisuun gabaasa fuula 500 gadhiise.
Kunis kanfaltichaaf madda bu'uraa kan kaa'eedha. Dhimmoota gabaasicha keessatti kaa'aman keessaas miidhaa kutaalee poolisii Kaalifoorniiyaa hedduutti ta'eefi attamiin gurraaleen Ameerikaa warra adiitiin adda baafamuun naannoolee faalaman keessa akka jiraatan taasifamaa akka turan kaa'eera. Adooleessa 2023 keessa ammoo motummaan Kaalifooriyaa dhimmicha gara seeraatti akka geedaruuf karoora kanfaltii ni dhiyeessa. Aaddee Abi'oduun Filoriidaa keessa jiraatulleen maatiinis kanfaltichaaf ulaagaa guutu. Garuu ammoo jalqaba, isaaniifi lammiileen gurraachoonni Ameerikaa miiliyoona 2.5 Kaalifooriyaa keessaa kanneen kanfalticha gaafachuuf karoora qaban, hundi walitti dhufeenya abuduwoowwan duri garboofman waliin qaban irratti ragaa dhiyeessu qabaatu. Abi'oduun ''firooma qabaachu agarsiisuun kan akka salphaatti ta'u miti,'' jetti. Innis baayyee kan yeroo barbaadu, kan gatii baasiisuufi miira namaa kan hubuudha jetti. Nama ergama kanarratti hojjatu kamiifu, deeggarsi miseensoota maatii biraa waan barbaachisuuf 'adeemsa waliin raawwatamuudha' jetti oggeettiin tun. Isheenis jalqaba ''miseensoota maatii, firootaafi kanneen kallattiin hidhata qabaniif gaaffii dhiyessuun barbaachisaadha'' jechuu gorsiti. Maqaa firoottan hidda dhalootaa irratti argaman hunda waliitti qabuun akka barbaachisu himti. Kun hundinu galmaa'uu qabaata. Tokkicha namni tokko waraqaa ragaa qabaannaan, achiin waraqaa ragaa maatiisaanii akkasumas kan akkaayyaawwan isaanii ni argatu. Yeroo tokko tokkoos galmeen dhalootaa argachuun rakkisaa ta'u danda'a. Kanaafuu carraan jiruu galmeewwan macaafa qulqulluu maatii, ibsawwan gaazexootaa, galmee qabeenyaa fi dhaamannaa du'a duraa ''maatummaa mirkanneessan'' fayyadamuun ni danda'ama. Keeniyaataa Beerii oggeessa qorataa hidda sanyiifi qopheessaa sagantaa hidha dhalootaa PBS yoo ta'u, adeemsi abuduroowwan kee duri garboofaman barbaachuun ''baayyee cimaafi kan miira nama xuqu' ta'u danda'a jedha.
Dhimmoota motummaan barbaadu agarsiisuuf dhimmoonni haalaa galmaa'u qabaatan ni jiraatu, akka Aaddee Abi'oduun jettuutti. Maatiiwwan keessatti odeesaaleen madda gargaagaraa yoo jiraatan illeen, sanadni ragaa sun ''ofumasaatinu ni dubbata'' jetti. Namoonni warra gurraachaa garboomsaa turan sooreessoota fi boontoota waan turaniif waa'ee namoota garboomsanii irraa dhimma sobaniif hin qaban. Kanaafu ''invasitmantii'' isaaniitiif akka inshuraansiitti isaan galmeessu turan. Wantoota barbaachisan waliitti qabuun baayyee jabaadha. Ms Abi'oduun yeroo tokko galmee sooramaa muraasa argachuuf doolaara 90 kanfalte. Baasee kanaan alattis, galmeewwan beenyaaf barbaachisan kaan caalaa namni ta'e haalum salphaatti galmeewwan akkasii kanarratti doolaara 20 dabalu ni danda'a jetti. Haata'u malee adeemsi abuduroowwan ofii barbaachuu kunis kan yeroo fudhatuufi baayyee jabaa ta'ulleen, ''maatii kee, maqaasaanii fi eessaa ka'aanii eessatti akka imalan barbaaddee argachuun kan araada si qabsiisuudha'' jetti. Yeroo qorannoon taaski foorsii hundeeffamee dhagahameettis, lammiilee gurraaleen Kaaliforniiyaa keessaa hammachu dhabuun hawaasa gurraacha keessatti akka shakkii hin huumne ka'ee ture. Liisaa Holdar abbookaatoon mirgoota siviiliifi miseensi taaski foorsichaas, adeemsa hidha-irratti hundaa'ee kanarratti komii kaafte turte. ''Namni kallattii kanatti dhiheenya muraasa qabu fi namni bifaan gurraachaa kutaa kana keessatti hammatamu qabaatu. Achiin nuti ammoo eenyuutu beenyaa caalaa argata kan jedhu murteessu dandeenya. Garuu ammoo namoota moodhaman keessaa hambisuu hin dandeenyu,'' jette. Qorattoonni hidda sanyii baayyeen, adeemsa beenyaa hidda bu'uurreeffatee irratti dhugaa bahu.
Qorattoonni hidda sanyii baayyeen, adeemsa beenyaa hidda bu'uurreeffatee irratti dhugaa bahu. Tokkoonsaanii, Dr Holiis Gentirii, Smithsonian'tti speeshaalistiin qorannoo hidda dhalootaa, mana kitaabaa ummataafi dhuunfaa akka madda odeeffannootti kaafameera. Abi'odun kanaan waliigalti. Hojii inni guuddaan ammoo, ''galmeewwan eessaa argamuu, galmeewwan kanneen keessaa maal akka barbaachuuf yaaltu fi galmeewwan sun amanamoo yoo ta'an dhaabbata kamirraayyuu akka maddaatti fayyadamu ni danda'ama,'' jetti. Ms Beeriin galmeewwan muraasa gubatan, balaa umamaatiin ykn sababii biraatiin barbadaa'an sammuutti qabadhaa jette. ''Namoonni meeqa qajeelfamoota ulaagaalee isaan kaa'an kanneen guutuun akka milkaa'an arguun baayyee akka nama gammachisuun yaada,'' jetti Abi'oduun. Gama dhimma maatii ishee ilaalatuun, ''baayyee akka fedha qabaatan'' yaaddi. Kana malees, ''hojicha hunda kan hojjatu ana qabaachuun baruun isaanii ammoo caalaa kan isaan kakaasuudha,'' jetti.
Ameerikaatti ajjeechaan poolisootarra gahu %59n dabale - FBI Bara 2021 keessa Ameerikaa keessatti lakkoofsi poolisoota ajjeefamanii dhibba keessaa harka 59n dabaluufi guutummaa biyyattii keessatti ammoo yakkawwan gara-jabinaan raawwataman heddummaachuu daarektarri Biiroo Qorannoo Federaalaa (FBI) dubbate. Daarektarri FBI Kiristoofer Reey turtii sagantaa 60 Miniitis waliin taasiseen, bara darbe keessa qofa miseensonni poolisii 73 ta'an hojii isaanii idileerra osoo jiranii ajjeefamaniiru jechuun ibse. Bara 2019 irraa kaasee ammoo Ameerikaa keessatti ajjeechaa poolisii gara-jabinaan raawwataman hedduu dabalaa dhufuu isaa ragaaleen ni mul'isu. Kiristoofer Reey wanti akkanaa kun fudhatama kan hin qabneefi hanga barbaachisu xiyyeeffannoo argachaa akka hin jirre ibseera. Kun yeroo shallagamu guyyaa 5 keessatti poolisiin tokko ni ajjeefama jechuudha jedhe. Gama biraan ammoo Ameerikaa keessatti waggaa waggaatiin namoonni kuma tokko ta'an poolisootan kan ajjeefaman yoo ta'u, ajjeechaawwan hedduun isaanii osoo himannillee irratti hin banamiin kanneen hafanidha. Akka daarektarichi jedhutti, ajjeechaa poolisoonni namoota irratti raawwatan kana hordofee bifa haaloo bahuutiin ajjeechaan gara-jabinaan poolisoota irratti raawwatamus dabalaa dhufeera. "Miseensonni poolisii hedduun kan ajjeefaman hojii ta'eef yeroo socho'aa jiranitti haleellaan tasaa irratti raawwatamee ykn ammoo yeroo naannawaa caqasaaf bahanittidha," jedha. "Sababa uffata dambii uffataniif qofa irratti xiyyeeffatamuu hin qabu." Akka odeeffannoo dhaabbanni 'The Fraternal Order of Police (FOP)' jedhamu ji'a Onkoloolessa keessa baasetti, bara 2021 haleellaawwan tasaa 103 poolisoota irratti raawatameera. Baruma kana keessa poolisoonni 130 ta'an rasaasaan kan rukkutaman yoo ta'u, kanumaan walqabatee 30 kan ta'an ammoo lubbuun isaanii darbeera.
Baruma kana keessa poolisoonni 130 ta'an rasaasaan kan rukkutaman yoo ta'u, kanumaan walqabatee 30 kan ta'an ammoo lubbuun isaanii darbeera. Lakkoofsa FBI bara 2020 baase akka kaa'utti ammoo ajjeechaan poolisootaa bara 2019 keessa dhibba keessaa harka 29n kan guddate yoo ta'u, erga bara 1960oota keessaatii as lokkoofsa guddaadha jedhameera. Weerara Koronaavaayirasii hordofee ammoo haleellaawwan raawwataman akka dabalan dubbata daarektarri FBI kun. "Lakkoofsi ijoollee ol-adeemoo yakkawwan gara jabinaa raawwatan guyyaa guyyaan dabalaa jira. Kun kan baay'ee nama yaaddessudha. Yeroo jiruun gara bakka duraan turetti deebiyuu jalqabutti daandiiwwan irratti haleellaawwan bal'inaan argaa jirra." 'The Fraternal Order of Police (FOP)' irraa odeeffannoo argameen bara 2022 keessa qofa miseensonni poolisii 17 itti dhukaafamee lubbuun isaanii darbeera. Ji'a Amajjii darbellee miseensonni poolisii Niiw Yoork lama dhukaasa irratti banameen lubbuun isaanii darbuun ni yaadatama.
Haleellaa dhukaasaa Niw Yoork duuba namni jiraachuu malu adda baafame Buufata geejjiba baaburaa Niw Yoork keessatti dhuukaasi banamuun namoota 20 ol irratti miidhaan qaqqabuun wal qabatee poolisiin magaalattii nama barbaada jiran ibsaniiru. Konkolaataa haleellaa kanaa waliin wal qabate namicha kireeffate Firaank R Jeems, ganna 62, haleellaa kanaan wal qabatee poolisiin akka isa barbaadaa jiru ibseera. Konkolaataa Filedaalfiyaatti kireeffatame kun bakka dhukaasi kun itti uumametti argameera. “Baabura kana waliin hariiroo qaba yoo ta’e adda baasuuf qorachaa jirra,” jechuun Hogganaan poolisii Niw Yoork Jeems Eessig himaniiru. Dhabbati Poolisii Niw Yoork (NYPD) “Bakka namichi kun jiru irratti namni odeeffannoo qabu” bilbilaan akka eeru gaafateera. Obbo Jeems haleellaa kanaan shakkamaadha hin jedhamne. Barbaadamaa kan jiru poolisiin Obbo Jeemsi waa’ee haleellaa kanaa irratti odeeffannoo qaba jedhee waan amanuufi. Gaazexaan The New York Times akka gabaasetti, Obbo Jeemsi waggootii dhiyoo keessatti miidiyaa hawaassummaa isaa irratti ilaalcha hamaa qabu maxxansaa tureera. Dhiyeenya ammoo bulchaa magaalaa Niw Yoork Eerik Adams qeequun yaada isaa maxxanseera. Kibxata irratti poolisiin ibsa kenneen, haleellaa kanaan namichi tokko buufata Brooklyn's 36th Street keessatti boombii hurkaa erga gadhiiee booda dhukaasa akka bane ibseera. “Namni kun shugguxii isaa yoo xiqqaate si’a 33 dhukaasuun namoota 10 miidheera,” jechuun hogganaan poolisii Eessig himaniiru. Dhiroota torbaa fi dubartoota sadiitu rasaasaan rukutame Namootni 13 biroon ammoo “aara gadhisame harganuun, kukkufuun ykn naasuun miidhamani,” jedhaniiru. Miidhamtoonni hundi lubbuun akka oolan eegama. “Sana booda namni kun bakkicha baqatee waan badeef, qorattoonni poolisii bakka inni jiru adda baasuuf hojechaa jiru,” jedhan.
“Sana booda namni kun bakkicha baqatee waan badeef, qorattoonni poolisii bakka inni jiru adda baasuuf hojechaa jiru,” jedhan. Odeeffannoo shakkamaan kun akka to’annoo jala olfamuuf gargaaru nama kennuuf badhaasi maallaqaa doolaara 50,000 akka kennamu beeksifameera. Shakkamaan kun sababa maaliif haleellaa kana akka gaggeesse ammatti ifa miti. Komishinarri poolisii Niw Yoork Kiichant Siweel, Kibxata irratti haleellaan kun jalqaba akka gocha shororkeessummaatti akka hin ilaalamne himaniiru. “Yeroo balballi buufatichaa banamu hokkora ture. Aara, dhiigaa fi namoota iyyaniin guutera, “ jechuun namni haala ture ijaan arge Saam Kaarkamoo AP’tti himeera. Sababa kaameeraan eegumsaa buufaticha sirritti hojechaa hin turreef, qorannoon poolisii jalqabaa gufachuu mala. Haleellaa kana irratti Pirezdaant Joo Baayden, “hojjetota lubbuu baraaruu hojiitti figanii fi lammilee nagaa imaltoota waliin turan gargaaruuf dubatti hin jenne” galateeffataniiru. Waggootii laman darbe keessatti yakkootni meeshaa waraanaan gaggeesaman magaalota US keessatti dabalaa dhufaniiru. “Maraachi magaalota keenta to’atee jiru dhaabbachu qaba,” jechuun bulchaan Niiw Yoork Kaatii Hochuul haleellaa kana booda dubbataniiru. “Lamuu hin ta’u jenna. Dhukaasa jumlaa lamuu hin jiraatan. Jireenya namootaa jeequun lamuu hin jiraatiin.”
Namichi buufata xiyyaara pirezidaantii Ameeriikaa galuun xiyyaara keessatti argame to'atame Namtichi tokko buufata xiyaaraa bakka pirezidaantiin Ameerikaa itti fayyadaman 'Air force One' keessa kutee seenuun isaa dhagahame. Kana hordofees humni qilleensaa Ameerikaa buufataalee xiyyaara waraanaa biyyattii kanneen sadarkaa addunyaatti aragaman hunda irratti sakkatta'iinsa nageenaa taasisuuf. Guyyaa Kamiisaa ture namni maqaansaa hin eeramiin tokko buufata xiyyaara waraanaa Meeriilaandiitti argamu keessa cabsee seenuun, xiyyaara C-40 jedhamu keessa erga galeen booda kan to'atame. Buufanni xiyyaaraa kunis bakka xiyyaarootaafi hiliikoptaroota aanga'oonni motummaa itti fayyadaman qubatan ta'uun kan tajaajiluudha. Dubbii himaan raayyaa ittisaa Joon Kiirbii guyyaa Jimaataa ''dhimma kana hundumtuu cimseeti hordofaa jira'' jedhan. Haata'u malee namtichi buufaticha keessa cabsuuf seenee jedhame kun hidhanni inna warra mankaraareessitootaa waliin qabu homaa hin jedhamne. Ibsa humni qilleensaa baaseen, shakkamaan battalumatti to'annoo humnootii nageenyaa jala oolfameera. Motummaa federaalaatti dabarfamee kennamuunis yakka bakka dhorkamee darbanii seenuutiin himannaan irratti ni banamas jedhameera. Wayita namtichi cabsee seeneettis miidhaan qaqabe kamu hin jiruus jedhame. Shakkamaa himannaawwan lama akka eegatan himamulleen waa'ee himannaawwan kanneenii bal'inaan himurraa of qusatan. Buufannii xiyyaara waraanaa kunis Waayit Hawuusi irraa faggeenya KM 24 irrratti kan argamu yoo ta'u, yeroo baayyees pirezidaanitii Amaarikaa, itti aanaa pirezidaantiifi aanga'oota biyyattii olaanootu itti fayadama jedhameera. Guyyaa Jimaataas pirezidaanti Joo Baayidan buufatuma xiyyaaraa kanaa ka'uun gara mana jireenyaa saanii itti argamu Wiilmiingitaniitti balalii'an.
Guyyaa Jimaataas pirezidaanti Joo Baayidan buufatuma xiyyaaraa kanaa ka'uun gara mana jireenyaa saanii itti argamu Wiilmiingitaniitti balalii'an. Janaraalli qorataan humna qilleensaa namtichi attamiin cabsee seenuu danda'e kan jedhu irratti qorannoo akka gaggeeffamu ibsichaan eerera. Itti dabaluunis buufataalee xiiyyaara waraana Ameerikaa addunyaa maratti argaman irratti sakkatta'iinsi nageenyaa akka gaggeefamu ibsaniiru. Oduun kunis kan dhagahamee deeggartoonni Donaald Tiraampi Kaapitaal Hiil cabsuun erga galanii baatii tokkoon boodas. Raayyaan egdoota Biyyaaleessaas hanga Bitooteessaatti Waashingitan keessatti eeguumsa irra turu jedhameera.
Ameerikaan shororkeessummaa irratti akeekkachiisa biyyaalessaa baafte Namoonni bu'aa filannoo Sadaasaatiin gammadoo hin taane biyya keessatti gocha shororkeessummaa raawwachuu malu jechuun ogganooti nageenyaa Ameerikaa akeekkachiisa jabaa baasan. Ministeerri nageenya biyya keessaa US akka jedhutti Amajjii 6 deeggartoonni Tiraamp, US Kaappitol humnaan cabsanii seenuun namoota ilaalcha fiinxaleessummaa qaban gocha shororkeessummaaf kakaasuu mala. Akeekkachiisi bahe akka agarsiisutti haleellaan shororkeessummaa "namoota taayitaa mootummaa hin fudhanneen" raawwatamuu mala. Haata'u malee ifatti gocha shororkeessummaa akkanaa jechuun waan hime hin qabu. Haleellaan gamoo seera baastotaa ykn US Kaappitol irratti raawwatame wayita koongirasiin Ameerikaa injifannoo Baayidan mirkaneessuuf walgahetti ture. Haleellaa kana dura pireezidantiin duraanii Donaald Tiraamp deeggartoota isaa kumaatamaan lakkaa'aman Waayit Haawusiin alatti walitti qabuun filannoon hatamuu ragaan hin deeggaramne itti himaa ture. "Akka gaariitti hin falmattan yoo ta'e, amma booda biyya waan jedhamu hin qabaattan," jedheen. Sana booda deeggartoonni isaa gara gamoo Kaappitol deemuun eegumsa humnaan cabsanii gamoo san weeraran. Poolisii tokko dabalataee namoonni shan hokkora uumameen du'an. Kanaafis jecha Tiraamp mana maree bakka bu'ootaatiin aangoorraa akka buqqifamu himatame. Seeneetiin biyyattii himata kana baatii itti aanu dhaggeeffachuu eegala. Donaald Tiraamp pireezidanti Ameerikaa al lama aangoorraa akka buqqifamu himatame yoo ta'u, yoo seeneetiin itti mure lamuu aangoo mootummaaf akka hin dorgomne dhorkamuu mala. Akeekkachiisi Roobii bahe akki jedhu; "sirna kakuu milkiin xumurameen booda torbanoota jiran" haleellaan shororkeessummaa raawwatamuu akka malu ministeerri nageenya biyya keessaa ni amana.
"Odeeffannoowwan akka mul'isanitti, namoonni yaadama qaban irraa ka'uun fiinxaleessummaa hokkoraan deeggarametti amanan, kanneen taayitaa mootummaa fi walharkaa fuudhiinsa aangoo pireezidantummaa morman akkasumas kanneen odeessa sobaan afarfamuun dheekkaman hokkora kakaasuu fi raawwachuu malu," jedhe. Namoonni akkanaa haleellaa gamoo Kaappitol irratti raawwatameen hamilee argatanii aanga'oota mootummaa reefu filataman akkasumas qabeenya mootummaa irratti qiyyaafachuu danda'u jedha. Lammileen of eeggannoo akka godhanii fi waan shakkii namatti uumu yoo argan poolisiif gabaasa akka godhan hubachiifamaniiru. Ministeerichi akeekkachiisa akkanaa erga baasee bubbuleera. Haleellaan US Kaappitool guutuu biyyattiitti rifaatuu guddaa uume. Aanga'oonni battalatti hojii namoota yakka raawwatan adda baasuu fi to'annoo jala oolchuutti seenan. Abbootiin alangaa akka jedhanitti amma dura shakkamtoonni 400 adda baafamanii, 135 kan ta'an to'annoo jala oolfamaniiru. Reegan Mooris, BBC News Los Anjalas Mootummaan namoonni haleellaa Amajjii 6 gamoo Kaappitol irratti raawwatameen kaka'anii gocha shororkeessummaa raawwachuu malu jedhee akeekkachiisullee, namoota lakkoofsi isaanii muraasa hin jedhamne biratti kanneen hokkora US Kaappitol irratti hirmaatan "gootota jaalala biyyaa qaban" jedhamanii faarfamu. Marsaa hawaasummaa 'Telegram' irratti kanneen Kaappitol weeraran akka loltoota bilisummaa fi goototaatti faarfamu. Deeggartoonni Tiraamp irra hedduun 'Twitter' fi 'Facebook' irraa waan ugguramaniif gara 'Telegram' cehan. Garee 'Telegram' kana keessatti yaadotti miidhaa namarraan geessisuu mala hedduutu haasa'amu. Eenyu nama sirrii eenyu ammoo boot ykn teknoloojii ofiin deebii deebisu akka ta'e hin beekamu. Wantoonni achitti barreeffaman hedduun jibbaan kan guutamanidha. Taateewwan seenaas ta'e haala qabatamaa amma jiru hin fudhatan - hokkora jajjabeessu.
Taateewwan seenaas ta'e haala qabatamaa amma jiru hin fudhatan - hokkora jajjabeessu. Namoonni kana barreessan hedduun deeggartoota dhugaa Donaald Tiraamp warra ammallee pireezidantii kan ta'uu qabu isa jedhanii amanani.
Dubartoonni lamaan suuraa kolleejjii Kaamaalaa Haarisirra jiran eenyu? Bara 1986 Kaamalaa Haaris yuunivarsiitii Howaarditti suuraa tokko kaatee turte. Ishee fi warri kaan lamaan gatiitti wal qabatanii seeqaa fi kolfaa turan. Namootni baay'een duuba isaanii jiru. Suuraa abdii fi aannisan guutamedha. Kamaalaan dubartii gurraattii fi hidda Eeshiyaa qaban keessaa kan yeroo jalqabaaf itti aantuu pireezidantii Ameerikaa taatedha. Akkasumas nama yeroo jalqabaaf yuunivarsiitii gurraachotni itti baratan Howaardi irraa sadarkaa kana irra geesse tahuu ishee ilaalchisee waan hedduun jedhameera. Kun garuu seenaa dubartii suuraa irratti cinaashee jirtu tokkooti. Lamaan isaaniiyyuu hiriyyoota isheeti. Valaarii Piippeen, fi Kaaren Giibsi jedhamu. Yeroon isaa bara 1980 keessa yeroo dhalootni falmitoota mirga siivilii Ameerikaa keessatti dagaagedha. Yeroo tokkummaadhaan sirna appaartaayidii irratti akka addunyaatti qabsaa'amu ture. Amma isaan keessaa tokko yerootti itti aantuu pirezidaantii taatu argaa jiru. Adeemsi isaanii maal fakkaata ture? Ammahoo maaltu isaanitti dhagahama? Kolleejjonni gurraachotni itti baratan akka Howaardi fa'a kan isaan hundaa'an gurraachotni Afrikaa-Ameerikaa garbummaan booda kolleejii irraa dhorkamanii turan akka itti barataniif. Kun amma jijjiiramus ammayyu ergamni inni guddaan Howaardi gaggeesitootni gurraacha tahan akka bahan gochuu irratti hojjechuudha. Sadarkaa barnootaa guddisuu qofa osoo hin taane hawwaasa dadammaqsuu irrattis akkasuma hojjeta. Kamaalaan guyyaa hundeeffama waldaa dubartootaa yuunivarsiitichaa yeroo ayyaaneffatte mormii sirna appaartaayidiitti makamuu fi yeroo barattuu turte kilaba falmii Howaarditti makamuu irraa muuxannoo akkamii akka argatte himteetti. Suuraa sana irratti Vaalaarii Piippeen karaa harka bitaan yeroo seeqxu ofitti amanamummaan irraa calaqqisu sanadha.
Maatiinishee erga gara Kaabaatti godaananii kolleejjii gurraachotaatti baratan. Kun yeroo gurraachotni cunqurfamaa turan rakkoo dinagdee fi qoollifannaa isaan irra gahaa tureen falmaa turanii Kibba irraa gara Kaabaa Ameerikaatti godaanan ture. Yeroo sana naannoo Chikaagootti qubatan. Isheenis kan gara Howaarditti qajeelte erga obboleessi ishee hangafaa eebbifamuun kitaaba waggaan maxxanfamu tokkoo fi haalaan ishee kakaase gara manaatti fideeti. "Aadaan yuunivarsiticha keessaa kan baay'ee jaalatamuu fi akkasuma kan barnootaa fi aadaa warra cunqurfamoo irratti xiyyeeffatu ture'' jette Piippeen. "Dhalootni nu boodaa milkaa'ina keenyaan akka jijjiirama guddaa fidan ni beekna ture.'' Pippeen akka Howaardi Yuunivarsiitiitti, ''hundi keenya haala gaariin hojjechuf, tokkummaan dhaabbachuu fi qabxii keenya adunyaa irratti beeksisuuf fedha guddaan hojjenna ture'' jette. Maatii gurraachummaa isaanin boonanii fi ijoollee isaanii irratti amanannaa guddaa qaban keessaa kan baate piippeen Howaarditti waan guddaa akka baratte himti. Erga Howaardii eebbifamtee Yaaleetti fayyaa barachuun amma gorsituu dhimma fayyaati. Qabxii guddaa galmeessisuu fi eenyu akka taate addunyaa irratti beeksisuuf hiriyyaa ishee Kaamaalaa waliin halkan meeqa akka qayyabataaa turan yaadatti. ''Howaarditti lamaan keenyayyuu waggaa tokko barnoota yeroo gannaaf turre. Guyyaa hojjenna, halkan daree gallee barannee sana booda ammoo waliin qayyabanna ture. Ganna tokko guutuu akkasiin waliin dabarsine.'' Bara 1990 keessa %52 kanneen barnoota faarmaasii baratan, %30 yaala ilkaanii kan baratan fi %27 barnoota amantaa [theology] kan hordofan hundi Howaarditti baratan. Har'a doktoroonnii fi hakiimonni ilkaanii Ameerikaa keessaa gurraacha tahan %80 kollejjota fayyaa Howaardi lamaan, Mehaarii fi Howaard Yuunivarsiitii jedhamanitti baratan.
Irra caalaan hakiimotaa, ofiseroota waraanaa fi abbootiin seeraa federaalaa gurraacha tahan yuunivarsiitii Howaarditti baratan. Aadaan barnootaa yuunivarsichaa namoota milkaa'inaaf fedha guddaa qabaniif bu'uura guddaadha. Kaaren Giibsi gama mirgaan suuraa irratti mul'attu Kamalaa Haarisii fi Valaarii Piipeniif hiriyaa taatee hafte. Amma abbaa alangaa tahuun hojjetti. Akkuma Kamalaa yuunivarsiitii Howaardi keessattis dubbii ciccimaa taasisfti. Howaardi keessa ''waan gurraachotni ittiin boonanii fi jaallatamu heeddutu jira,'' jette Giibsi. ''Pirofesaroota gurraacha tahan ittiin boonnu baay'ee qabna. Kun miidhagina gara Howaardi deemuuti. Nu hidhachiisanii nu qopheessan. Gaafa Howaardii baane waan nu mudachuu malu hundaa nutti himu. Nu hidhachiisuun akka abjuu keenya bira geenyu gochuun nu gadhiisu.'' Baadiyaa Delawaree bakka namootni baratan jiran gidduuttin dhaladhee guddadhe. Maatii gurraacha baratee fi eenyummaa isaan boonu irraa dhaladhus hawwaasa xiqqoo sana keessa sanyummaan waan jiruuf maqaa gadheedhaan na waamaa turan,'' jette Giibsi. Sababiin tokko Howaarditti barattee abbaa seera mirga siivilii taateefis kana. Tarkaanfii kana fudhachuu isheen jaalalaa fi deeggarsaa argachuu dandeessetti. Giibsii fi Piippeen Howaardi keessaa fi alatti uummataaf hubannoo uumaa sochii dadammaqina siyaasaas gochaa turan. Deekser Kool miseensa aluminii Howaardi kan ture amma hojii gaggeessaa ol aanaa TV One, BBCtti akka himetti, ''maatiin keenya falmii kaba mirga siivilii irratti hirmaachaa turan. Nuyis miiruma kanaan gara Howaardi yeroo dhaqnu jireenya keenya qofa fooyyessuuf oso hin taane jireenya namoota kaaniis fooyyessuufi.'' Akka biyyaatti Howaardi dhaloota adunyaa irratti dhiibbaa uuman oomisheera.
Keessumaa hawaasa Afrikaa- Ameerikaa tahan irratti bal'inaan hojjeteera. ''Baattoo jijjiiramaa akka taane ni beekna ture.'' Kool akka jedhetti yeroo sana '' jeequmsa guuddaatu hawwaasa keessa jira ture garuu akka qaama barataa tokkootti sababii namootni dura keenya bu'an jiraniif akka taa'umsicha irra teenyu ni beekna ture,'' jedhe. Gaafa galma biyyaalessaa Kaappitaal Hiil jirutti hiriirri gaafa bahame nan yaadadha. Barattotatu gareedhaan bahee guyyaan dhaloota Maartin Luuter Kiing Jr ayyaana waggaa keessatti qabamuu qaba jedhan. Amma eessatti akkan hiriire nan yaadadha. Mirgi keenya maal akka tahe ni beekna. Sana kabachiisuuf kutannoo qabna ture. Kanaafidha baay'een keenya mormii sirna appaartaayidii keessatti bal'inaan kan hirmaannuuf,'' jette Giibsi. Rozaariyoo Richaardisan haadha seeraa sagantaalee bashannanaati. Mooraa yuunivarsiitiitti Kamala Haarisiin falmii tokko irratti akka hirmaattuuf filtee ture. Filatamuun Kamala Haaris dhugumaan Howaardi akka nama qopheessu mirkaneesse jette. Nama Kamalaa Haaris beekuuf amma itti aantuu pireezidantii Ameerikaa tahuunshee waan dinqisiisaa tahuu baatus garuu agarsiiftuu imala dhuunfaa ishee fi falaasama ittiin fuulduratti deemtu tahuu agarsiisa. ''Barnoota keen itti gaafatamummaa adunyaa jijjiiruu qabda. Keessumaa uummata kee. Kun akka Ameerikaa fayyade argineerra.'' ''Kamalaan akkuma koo mucaa warra cunqurfamooti. Filatamuun ishee seenaadhaan waanuma sirriidha. Isheen nama sirriidha,'' jette Ms Rosazariyoon. "Miseensa aluminii kan akka Turgood Marshaal- Abbaa alangaa mana murtii ol-aanaa kanneen Howaarditti baratan keessaa tokko yoo tahu namoota bu'uura kaa'anii darban keessaati. Yerooma miseensa aluminii turaniyyuu gareen kun waan guddaa irra akka gahanii fi adunyaa irratti waan addaa tokko akka fidan ni amanu ture.
Yerooma miseensa aluminii turaniyyuu gareen kun waan guddaa irra akka gahanii fi adunyaa irratti waan addaa tokko akka fidan ni amanu ture. Kanaaf itti aantuu pirezidaantii tahuun Kamala Haarisiif ni mala. Isheen adunyaa fi dubartoota hundaaf fakkeenya guddoodha'' jedhe Andiree Hoolmes kan Howaardi irraa akkasuma eebbifame. Suuraan Kamalaafi hiriyoota ishee kutannoo, hiriyyummaa fi kolfaan guutame sunis bara Howaarditti namootni baratan dhiibbaa uuman sana keessa ture. Haalanis jaalatameera.
Filannoo US 2020: Mormitoonni hidhatan magaalota US keessatti walitti qabamuu eegalan Gartuun mormitootaa – gariin kan meeshaa waraanaa hidhatan – manneen maree isteetiiwwan US sodaa nageenyaaf jecha dalleeffaman duratti walitti qabamuu eegalan. Gamoowwan mana maree Teeksaas, Origoon, Mishigan, Ohaayoo fi muraasaa biroo fulduratti mormiin gaggeefamaa jira. Manneen maree US biroo hedduu garuu Dilbata kana homaa mormii hin agarre. Muudama pireezidantii Roobii gaggeeffamu dura FBI namootni meeshaa hidhatan mormii gaggeessuu akka malan akeekkachiiseera. Injifatan filannoo pireezidantummaa Joo Baayiden deggaartoonni Tiraamp erga US Kappitool Waashiingitan Amajjii 6 irratti hokkora kaasanii lubbuun namoota shanii darbee torban lama booda sirna kakuu raawwatu. Guutummaa Waashiingitanitti loltoonni 'national guard' 25,000 kan bobbaafaman yoo ta'u, US Kappotool sibiilaan dalleeffamee jira. Magaaloti hedduun mormii uumamuu danda’u sodaa guyyootii darban keessa meeshaalee ittisaa fi loltoota bobbaasuun qophaa’aa jiru. Miidiyalee hawaasummaa irratti deggartoonni Tiraamp meeshaa hidhachuun mormiiin keessuumaa Dilbata akka gaggeeffamuuf kan waamicha dhiyeessaaa turan. Gareeleen hidhattootaa tokko tokko garuu miseensonni isaanii kiyyoo poolisii keessa seentu jechuun akka mormii kanaratti hin hirmanneef gorsaa jiru. Akka gabaasaa Niiw Yoork Taayimsitti miseensoonni sochii Buugaloo Boyis 25 ta’an meeshaa waraanaa hiidhatanii mana maree Kolombus, Ohaayoo fulduratti walitti qabamanii turani. Namootni – gartuu mootummaa US kuffisuu barbaadanii ta’an- kun garuu hiirira mormii wa’ee mirga meeshaa hidhachuuf akka walitti qabaman himu. Mishigaan keessatti ammo, namootni gara 20 olii – gariin meeshaa hidhatanii- mana maree magalaa Laansiing duratti utuu poolisiin callisee ilaaluu mormii gaggeessaa turani.
Mishigaan keessatti ammo, namootni gara 20 olii – gariin meeshaa hidhatanii- mana maree magalaa Laansiing duratti utuu poolisiin callisee ilaaluu mormii gaggeessaa turani. “Ani hokkora kaasufan dhufe miti, eenyuyyu hokkora hin kaasu jedheen abdadha,” jechuun mormiitota keessa tokko Reuters’tti himeera. Akkuma kana mana maree Teeksaas Ostin duratti mormitootni murasii, kaan meeshaa hidhatanii walitti qabamanii turani. Roobii yeroo Baayiden Tiraampiin bakka bu’uun aangoo pireezidantummaatti muudamu moormiin jiraachuu mala jedhamee eegama. Dubbii himaan waranaa Raayan Makaartii Dilbata miiseensoonni waraanaa soda isaan keessa kan hokkora kaasuu jirachuu mala jedhuun qoratamuu isaanii Asoosheetid Pireesitti himeera. Akkasumas Dilbata Niiw Meeksikoo keessatti qondaalli mootummaa tokko hokkoraa Amajjii 6 Waashingitaniin wal qabate to’annoo jala ooleera. Baayden aangoo fudhatee guyyaa jalqabaa irratti dhorkii imalaa Tiraamp ka’ee akka haqamuu fi US waligaltee jijjirama qilleensaa Paariis keessa deebitee akka seentuuf ajaja ni dabarsa. Akkasumas maatilee daangaa US Meeksikoo irratti gargar ba’an deebisanii akka wal argan akka taasisuu fi COVid-19 walqabatee maaskii uffachuu fi qajeelfamoota biroo akka dabarsu ni eegama. Gaartuun Baayden sababa weerara Covid-19tti jecha muudama pireezidaantiif gara magaalaa gudduttiitti akka hin imalleef lammilee Ameerikaa gaafataniiru. Qoondaaltonnis sagantichaa lammileeen manuma isaaniitti akka daawwataniif gaafataniiru.
Haleellaa Kaappitaal Hiil: Poolisiin hookkara Kaappitaal Hiil dura dhaabbate 'goota' jedhame Poolisiin Ameerikaa tokko yeroo galmi Kaappitaal Hiil deeggartoota Tiraampiin weeraramu qofaa isaa dhiibee seenetii akka hin seenne gochaa ture hojii isaan 'goota' jedhamuun jajame. Viidiyoo irratti akka mul'atetti poolisiin maqaan isaa Iguunee Guudmaan tahuu himame namoota humnaan galmicha seenan irraa tarkanfii tokko qofa siquun namootni hookkara kaasan akka ol hin galle dhorkuufi isaanis isa yeroo dhiibaa turan agarsiisa. Mr Guudmaan keenyaan galmichaatti dahachuun nama hookkara kaasuun ol seene akka seenetitti hin galleef yeroo dhorku mul'ata ture. Hookkara Kaappitaal Hiilitti mudateen poolisii tokko dabalatee namootni shan ajjeefamaniiru. Poolisiin tokko yeroo galmichi weerarame hojii irra ture akka of ajjeese maatiin isaa himaniiru. Gootummaan loltuu muuxannoo guddaa qabuu fi yeroo lola Iraaq yeroo dheeraa achi keessa ture Mr Guudmaan kan dhagahame yeroo poolisoonni Kaappitaal Hiil hookkaricha dhaabsisuu irratti dadhabina agarsiisaniiru jedhamuun ceepha'amanitti ture. Wiixata galgala waajjiri Poolisii biyyichaa ofiserootni poolisii lama hojii irraa dhorkamuu fi hedduun isaanii ammoo hookkaricha keessatti hirmaataniiru jedhamuun qoratamaa jiraachuu ibseera. Pirofeserri seera Yakkaa Yuunvarsiitii Seeraa Niw Yoorkii fi waajjira poolisii Niw Yoorki waggoota 20'f tajaajilaa ture Kiirki Burkhalter gochaa Mr Guudmaan kana 'ajaa'iba' jechuun ibse. ''Leenjiin haala akkasii kanaaf nama qopheessu jira jedhee hin yaadu.'' jedhe Burkhaalter. Poolisiin gurraachi kun deeggartoota Tiraampi adii tahaniin yeroo ari'amaa tures viidiyoo irratti mul'ateera. Namni fuula duratti osoo poolisii kana ari'anii mul'atu ture booda kutaa Lowa irraa kan dhufeefi maqaan isaas Doog Jeensen akka tahe adda bahe.
Namni fuula duratti osoo poolisii kana ari'anii mul'atu ture booda kutaa Lowa irraa kan dhufeefi maqaan isaas Doog Jeensen akka tahe adda bahe. Innis poolisiidhaan to'annoo jala ooleera. Miseensotni poolisii 2,000 tahan galma Mana Maree Ameerikaa Kaappitaal Hiil eegu. Isaan kunneen poolisii magaalaa DC maagalicha eegan irraa addadha. Hogganaan poolisii Kaappitaal Istiivan Saandi torban darbe humni poolisii isaan gaggeessan hojii irraa eegamu haalaan hin bahanne jedhamanii ceepha'amuun aangoo gadhiisanii ture. Qondaalli Dimokiraatotaa beekamtuu Nansii Peelosiis akka aangoo gadhiisaniif waamicha gootee ture. Abbaan alangaa waliigalaa yeroofii biyyattii Mikaa'el Sherwiin waajjirri haqaa miseensa poolisii kamiyyuu hookkaricha keessaa harka qaban irratti himata bana jedhan. Pirezidaantii Ameerikaa tahuun kan filataman Jooy Baayiden Amajji 20 galma Kaappitaal Hiil keessatti waadaa galu jedhamee eegama.
Haleellaa Kaappital: Hokkara deeggartoonni Tiraamp uumaniin namoonni shan du'an Ameerikaatti gamoo guddaa Mana Maree kan magaalaa Waashingiteen keessatti argamu Kaappitool Hiil jedhamu deeggartoonni Doonaald Tiraamp weeraruu isaaniitiin hokkarri uumamee namoonni du'an. Poolisiin Waashingiteen DC akka jedhetti yeroo deeggartoonni Tiraamp gamoo Kaappitol Hiil weeraranitti namoonni afur du'aniiru. Dubartii poolisiin itti dhukaasee ajjeefamteetti dabalataan, namoonni biroo sadii sababa rakkoo "fayyaa atattamaatiin" du'aniiru. Hanga ammaatti namoonni 52 hokkara uumame kanaan walqabatee kan to'ataman yoo ta'u, isaan keessaa 47 seera sochii dhorkame cabsuun to'ataman. Taateen kun Ameerikaatti ni uumama jedhamee kan hin tilmaamamne akka ta'e namoonni yaada kennaa jiru. Deeggartoonni Doonaald Tiraamp gamoo Kaappitol Hiil erga to'atanii booda meeshaa mancaasuufi jaalala hin mittiiqne pirezedaant Tiraampiifi akka qaban ibsaa turan. Deegartoonni kana godhan kanneen keessatti hidhannoollee kan qaban kan jiran yoo ta'u Kongirasiin akka Joo Baaydan mo'ate raggaasisuuf taa'ame akka cufamuuf dirqisiisaa turan. Rippabilikaanonni tokko tokko isteetota tokko tokko keessatti bu'aa filannoo garagalchuuf yaalanillee deeggarsa gahaa argachuu hin dandeenye. Tiraamp ammoo deeggartoota isaa hokkara uumaniin gara manaatti deebiyaa galaa jedhanis himannaa dharaa filannoon hatameera jedhu ammoo irra deddeebiyanii dubbatu. Taateen deeggartoota Doonaald Tiraampiin Waashingiteen keessatti uumame kun qalbii addunyaa hawwachuu itti fufeera. Ministirri Muummee Indiyaa Naarendraa Moodii akkas jedhan: "Oduu waa'ee jeequmsaafi hokkara Waashingiteenitti dhalate dhaga'uukootti nan gadda. Aangoo karaa nagaa walitti dabarsuun itti fufuu qaba." Bulchituun Niiwuu Ziilaan Jasiindaa Ardeen tiwiitara isheerratti, "dimokiraasiin - mirgi filachuu namootaa, akka sagaleen isaanii dhaga'amu gochuufi murteen naga qabeessa ta'e akka taasifamuuf fedhuun - hokkaraan duuba deebiyuu hin qabu."
Bulchituun Niiwuu Ziilaan Jasiindaa Ardeen tiwiitara isheerratti, "dimokiraasiin - mirgi filachuu namootaa, akka sagaleen isaanii dhaga'amu gochuufi murteen naga qabeessa ta'e akka taasifamuuf fedhuun - hokkaraan duuba deebiyuu hin qabu." Ministirri Dhimma Alaa Jarman Hayikoo Maas ammoo deeggartoonni Tiraamp " dimokiraasii lafa godhanii irra deemuu dhaabaa," jedhan. "Diinonni dimokiraasii suura taatee kana fakkaatu Waashingiteen DC irraa yeroo argan ni gammadu. Jechoonni kotaasisoo ammoo gara gocha hokkaraatti jijjiirama."
Dubartii tokkittii adabbii du’aa eeggachaa turterratti guyyaan itti duutu murame Manni murtii ol iyyannoo US abookaatoowwan iyyata komii galfatanu, Lisaa Montigoomerii Ammajjii 12 du'aan akka adabamtu raggaasise. Manni murtii ol iyyannoo US dubartii tokkitti adabbii du'aa eeggachaa turte akka adabichi raawwatamu ajaja dabarse. Lisaa Montigoomeriin bara 2004’tti Mizuurii keessatti dubartii ulfaa ukkaamsuun erga garaashee baqaqsuun daa'ima garaashee ture fudhachuun himatamte. Adabbiin du'aa kun hojiirra yoo oolfame, waggoota 70’n booda dubartii biyyattii keessatti du'aan adabamte kan jalqabaa taati. Baatii tokkoon dura ture akka du'aan adabamtu guyyaan kan kaa'amee ture. Bodaa garuu erga abukaatoon ishee Covid-19n waan qabamaniif akka tursiifamu ta’e. Amma karaa Ministeera Haqaatiin Amajjii 12tti karoorfameera. Abukaatoowwan ishee garuu osoo ajajni akka turuuf kaa’ame jiruu guyyaan du’aa kaa'amu hin danda'u jechuun mormaa jiru. Manni murtii tokko abukaatoowwan ishee bira goruun ajaja karoora du'aa daarektara Biiroo Manneen Sirreessaa dhaabee ture. Garuu gumiin abbootii seeraa guyyaa Jimaataa walgahuun daarektarichi haaluma seeraatiin adeeme jechuun addabbichi akka raawwatamu hayyame. Gareen seeraa Montigoomerii ammas abbootiin seeraa murteesaanii keessa deebiin akka laalaniif iyyata galfanna jechaa jiru. Dubartiin yeroo dhumaatiif du'aan adabamte Boonii Heedii kan Mizuurii keessatti bara 1953 gaaziin ukaamfamtee duteedha, akka Jiddugala Odeeffannoo Adaba Du'aatti. Ameerikaatti du'aan adabuun waggoota 17 dhaabbatee kan ture yoo ta'u, Tiraampiitu deebii'ee hojiirra akka ooluuf jalqaba bara 2019 keessa ajajan.
Ameerikaatti du'aan adabuun waggoota 17 dhaabbatee kan ture yoo ta'u, Tiraampiitu deebii'ee hojiirra akka ooluuf jalqaba bara 2019 keessa ajajan. Adabbiin du'aa hafan yoo raawwataman, Tiraampi pirezidaantii Ameerikaa bara aangoo isaatti adabbiin du'aa hedduun itti raawwatame ta'u. Guyyaan Montigoomeriin itti adabamuuf karoorfames gaafa itti Joo Baayideen ifatti aangoo fudhataniin guyyaa tokko dura. Mr Baayidan ammoo adabbiin du'aa kun akka dhaabbatuuf akkuma aangoo fudhataniin ni gaafatu jedhamee eegama. Montigoomeriin eenyuu? Montigoomeriin bara 2004 baatii Muddee keessa buchillaa saree bitachuuf Kaansaas irraa konkolaataa ooftee mana Baabbee Joo Istiineet Mizuuriitti argamutti deemuu ishee, ibsi pireesii Ministeera Haqaa ni mul'isa. ''Akkuma mana keessa ol seenteen, Montigoomeriin utaaltee dubartii ulfa baatii saddeetii kan taatee Istiineet hanga of wallaaltutti huutee qabde'' jedha. "Isaan boodas albee fayyadamuun garaa dubartii murte. Dubartittiin gara sammuutti deebii'uuf jennaan ammoo Montigoomeriin amma lubbuun keessaa baatuutti ukkaamsiteen. Isaan booda mucaa garaa dubartittii keessa ture baasuun fudhattee kan ofiishee fakkeessuun darbuuf yaalte.'' Bara 2007’tti gumiin mana murtii Montigoomeriin yakka buttaa du’aatii qaqqabsiiseen yakkamtuudha jechuun sagalee guutuun adabbii du'aa irratti murteesse. Abukaatoowwan ishee garuu daa'imummaatti waan reebamteef dhibee sammuu waan qabduuf du'aan akka hin adabamne jechuun gaafataa turan.
Maatii fi ilmi fiilmii saalqunnamtii irratti wal dhaban mana murtii wal geessan Deevid Wirkiing namtichi ganna 42 haadha warraasaa hiike mana warrasaa jiraata ture, fiilmiin saalqunnamtii funaanee kuufate gatamnaan warra isaa himate. Maatiin isaa ‘fiilmii saalqunnamtii (pornography) funaantee mana keenyatti hin fidiin’ jedhanii dhorkaa turu himan. Deevid Wirkiing filmii doolaara 25,000 baasu na jalaa gataniiru jedhee mana murtiitti himachuu hordofuudhaan abbaan murtii kutaa bulchiinsa Michigaan, warrisaa ilmasaaniif beenyaa akka kaffalaniif itti mure. Abbaan murtii maatiin Wirkiing mirga qabeenya ilmasaanii kana jalaa gatuu hin qabanii jedheen. Aab Wirkiing gaa’ilasaa erga diigeen booda ji’oota kudhaniif maatisaa wajjin erga jiraate booda bara 2017 biraa bahee, amma Indiyaanaa jiraata. Wirkiing maatiin isaa fiilmiiiwwanii fi barruulee ‘‘bakka bu’iinsa hin qabne’’ hedduu na jalaa gataniiru, dhabeeera jedhee gaazexaa Hoolaand Sentineel jedhamutti hime. Sana booda, Aab Wirkiing seeran ala qabeenyisaa gatamuu himuun gaafa Ebla, bara 2019 himannna seeraa warrasaarratti bane. Imeeliin abbaa isaa wajjin waliif barreessan irratti, abbaan isaa sanduuqa fiilmiiwwan saalqunnamtii 12 fi italashee saalquunnamtii (sex toys) 12 ta’u jalaa gatuu hin haalle. Wirkiing akka jedhutti garuu DVD fiilmiiwwan kanaa 1600 caalan jalaa baduu himate. Dhaddacha mana murtii kana booda ogeessi seeraa maatiif dhaabattu akka himtetti, miidhaa qaqqabe tilmaamuuf jecha ogeessa godahambaa Nevidaa hojjatu qacaruu himte. Aab Wirkiing qabeenyasaa na jalaa bade jedhu amma walakkeessa ji’a Guraandhalaa, bara 2021tti mana murtiif ibsachuu qabaata jedhameera.
Aab Wirkiing qabeenyasaa na jalaa bade jedhu amma walakkeessa ji’a Guraandhalaa, bara 2021tti mana murtiif ibsachuu qabaata jedhameera.
'Rakkoo Oromiyaa keessaaf itti gaafatamummaa olaanaa kan fudhatuu qabu mootummaadha' Obbo Taayyee Danda’aa, qondaala Olaanaa Paartii Badhaadhinaa fi Deetaa Ministeera Nagaa kan ta’an, yeroo garaa garaatti fuula midiiyaa hawaasaa isaaniirratti rakkoo nageenyaatii fi malaammaltummaa Oromiyaa keessaatiif aanga’oota naannichaa yoo qeeqan dhagahamu. Waa’ee ajjeechaa Abbootii Gadaa Karrayyuu akkasumas ajjeechaa qondaala poolisii kan turan komishinar Salamoonis murna rakkoo uumutu badhaadhina keessa jira jedhanii himatu. Dhiheenya kanas yaa’ii caffee irratti rakkoo jedhan kanneemn ajandaa qabsiisuu wayita yaalanitii carraa dhorkamuu kan kaasan Obbo Taayyeen, yaaddoo nageenyaa dhuunfaa qabaachus ni himu. Ofii Oromiyaan badhaaniina hunda galeessammoo gadadoo hunda galeessa keessa jirti? Kanaafi dhimmoota kanneen biroo irratti BBC waliin turtii bal’aa taasisaniiru dhiyaadhaa! BBC- Yaa’ii caffee miilanaa irratti sagaleen kiyya ukkaamfame jettan. Maaltu ta’e? Obbo Taayyee - Yaa’iin sun yeroo jalqabu afyaa’iin ajandaalee yaa’ichaa sagal dhiheessan. Ajandaa yaa hir’atu yookan yaa dabalamu kan jettan yaada kennaas jedhan. Ani ajandaaleen lama akka dabalaman gaafachuuf ture. Inni tokko rakkoo nageenyaa yoomirrayyuu hadha'aa ta’ee fi naannoon keenya keessa jiru kun qofaatti ajandaa mataasaa danda’e haa ta’u kan jedhu. Inni lammaffaan akka naannoo keenyaatti hannaan walqatee bulchiinsi bututee jira kan jedhudha. Nagaan walqabatee uummanni keenya dararaa hadhaa keessa jira. Kanaaf jecha caffeen akkaata heerri jedhuun itti gaafatamummaan mirkanaa’uu qaba kan jedhu ajandaa qabsiisuuf ture. Ani kana qabsiisuuf harkan baase. Nan argine ta’uu hin beeku callisanii gara raggaasisuutti deeman. San booda Kabajamoo afaan yaa’ii yaadan qaba’ kan jedhun kaase.
Xiqqoo akka na ifaachuus godhan. Isaan booda mee yaanni keessan maali kan jedhu akka carraa naaf kennuu godhan. Akka ani hin dubbanne ammoo maayikii too’annoo of biraa qabu narratti cufan. Xiqqoo turanii carraa fayyadamuu hin dandeenye jedhan. Sagaleen ‘Itti cufi, itti cufi’ jedhus jalaan dhagahamaa ture. Akka kanaan gaaddisni uummata miliyoona 50, wanni Caffee sana hin madaalle diraamaa xiqqaa akka malee gadi bu’e gaafas mul’ate. Maaliif sagalee ukkaamsu jettee yoo nagaafatte gabaasni isaan qiqindeeffatanii dhufan suni yoo bilisummaadhaan yaanni irraatti kenname nuuf hin darbu sodaa jedhurraa natti fakkaataa. Gabaasichi akka rakkina qabu ofiifuu ofirratti beeku. Bara darbe yaa’ii caffee kanarratti rakkoo nageenyaa Oromiyaa kana baatii muraasa keessatti dhabamsiisna jedhamee waadaa galamee dhaadhatamee ture. Garuu gaafa waggaatti walgeenyu rakkoon bakka bara darbee bira kuteera. Gidiraan uummatarra gahus gamaa gamanaan baayyee dabalee jira. Maalif hanqanne eenyutu maal godhe, eenyutu ittigaafatama kan jedhu gabaasichi homaa hin qabu. Akka namni gargaarsallee itti gaafatu miidhaan sababa nageenyaan uummatarra gahe hammami kan jedhu hin jiru. Naanoo kaanitti uummanni buqqa’e lakkoofsaan beekama. Kun gargaarsa barbaadufillee tola. Kan naannoo Oromiyaa garuu nama meeqatu buqqa’ee jira kan jedhu hin jiru. Kanaaf, gabaasa akkanaa kana yoo bilisummaan yaanni irratti kenname jala dhaabbachuu hin dandeenyu ukkaamsuu wayya kan jedhuun sagalee kiyya ukkaamsuu filatan. BBC- Paartii Badhaadhinaa Naannoo Oromiyaa keessatti qoodinsii fi gareen amma mul’atu maali? Obbo Taayyee- Rakkoon amma jiru murna xiqqaa, maafiyaan of ijaaree hannatti bobba’e nijira. Waldiddaan keenya isaan wajjini malee Paartii Badhaadhinaatii miti.
Jarri akkanaa kun immoo qaamaan malee yaadaan Badhaadhina miti. Qajeeltoon Badhaadhinaa ijoon kabaja lammiileeti, jarri kunimmoo lammiif kabaja hin qabu. Nuyi kan gaafannu bilisummaadha, jarri kun immoo nama ukkaamsa. Kanaaf, warri kun Badhaadhina miti jechuudha. Badhaadhina ofiin jedhee waraqaa qabaachuu dandaha malee murni xiqqaan nama sodaachisee nama ukkaamsee deemu kun Badhaadhina miti. Wal diddaan amma kan jiru xannacha Badhaadhina fakkaatee achi keessatti margeetu Badhaadhinaan waldhabaa jira. Badhaadhinni ida’amuutti amana. Jarri ammoo kana hin barbaadan. Wanni isaan jedhan ‘nuti shiratti ogeessa, kaan garana kaan garas qabnee walficisiisnee diigna, siyaasaan shiraa fi gidiraadha malee obbolummaa miti’ jedhanii amanu. Nuti bilisummaa kanaaf gatii kanfalle akkasumatti tola hin dhufne. Kanaaf, wanni qabsoofneef akka duuba deebi’u, harka maafiyaa akka seenu nuti hin barbaannu. Amma murni xiqqaan hoggansa naannoo Oromiyaa keessa jiru kan gaafa qabsoon godhamulleen ukkaamsaa ture gatii kana xinneessee laala. Dhiittaan mirga namoomaas hammaateera. Kun godhamuu hin qabu kan jedhu qabsoon keenya. BBC- Murni xiqqaan Oromiyaa gaggeessuu fi waan isin jettan kana godhu, kan wuskii cirifkatu, kan wasaasoodhaan mana farsootii gala jettaniin eenyu? Obbo Taayyee- Murni kun eenyufaadha jennee tokko tokkoon maqaa isaanii tarreessuun ammaaf yeroonsaa hin geenye. Gaafa yeroonsaa gahu maqaa isaanii ni ibsina. Garuu murni uummataf naatoo hin qabne kan gaafa namni du’u inni sirbu, kan dhimma uummataa irratti mari’achuudhaaf yeroo hin qabne, kan dhugaatii fi bashannanaaf yeroo hin dhabne nijira. Murni kun warra aangoo qabudha eenyu, eenyu kan jedhu suutuma kan itti deemnu taha. BBC- Qabsoo amma itti jirtan kanaan yaaddoo nageenyaa akka qabdan ibsaa turtan, wanni isin yaaddessu maali?
Obbo Taayyee- Amma gareen ‘Ati dubbattee beekkadhu, sirashanna, rashanamuu malte, adda adda keessa isin rukunna’ jedhee ifatti kan dubbatu sodaachisoon ni jira. Ati hin dubbatin waan Oromoo tana anumatu akka fedhe godha. Ati qooda keessaa hin qabdu warri jedhan jiru. Ani ilma atimmoo ilma buddeenaati jedhee kan nama sodaachisuu barbaadu jira. Ammoo nama hunda sodaachisuun hin danda’amu. Nama miidhuun, nama ajjeesuun ni dandahama. Kun bakka baayyeetti ta’eera. Haacaaluu Hundeessaa fa’a irrattis ta’eera. Sun rakkoo miti garuu saniin gamanatti kan nama sodaachisuu barbaadu, kan nama ukkaamsu, kan gidiraa fi gadadoon uummataa isa hin dhuukubne ni jira. Gareen kun dhaadannoo tokko tokko ni dhageessisa. Nuti ammoo bilisummaadhaafi kan manaa baane. Bilisummaa uummataatiif qabsaa’e ofiifuu yoon ukkaamfame faallaa waan qabsoofneefiti. Kana hin fudhannu. Wabiin keenya qabsoo keenya. BBC- Isin angaa’aa mootummaa olaanaa deetaa Ministeera Nagaa taatanii nagaan keessan hammana yaaddessaa yoo ta’e kan namoota siivilii ammoo hagam taha? Obbo Taayyee- Abbootiin Gadaa qabamanii akkamitti akka ajjeefaman nibeekama. Akkaataan ittiin himamelleen nijira. Kanaaf bakka rakkoon akkanaa itti adeemaa jirutti namni siiviliin akkanumaan qabamee dhaanamuun, kan akkanumaan ajjeefamu kanin maqaadhaan beeku nijira. Kun waan murna kanaan walqabatuun. Kaleessa wayyaanee lakkii kan jenneef mirga namaa dhiiba, ilma namaa ajjeesa jenneeti. Wanni akka wayyaanee suni ammas yoo jiraate sirrii miti jechuu qabna. Kanaaf yaaddoonii fi rakkoon nijira. BBC- Paartii keessatti marii keessootiif karri cufaadha jettan. Dhaaba keessatti Wanni marii keessoo cufe maali? Obbo Taayyee- Qabsoo yoo waliin gootu dhugumatti mariin keessoo nibarbacahisa.
Garuu murni Oromiyaatti aangorra jiru kan olitti eere kun mariin akka godhamu hin barbaadu. Mariidhaaf karri cufaadha. Kanaaf, ani yeroo hedduu yaalii godheen jira. Dhimmi warraaqsa dinagdee jalqabamee haa mari’atamu jedhee gaafachaan ture, gabaasni sobaa, nageenyaa fi rakkoo hannaa irrattis si’a torbaa saddeet kaaseera. Ragaa dhiheessuu nan dandaha. Namni nadhagahe hin jiru. Waliigalatti gaafa dhimmichi dubbatamee mari’atame abbaa rakkootu mul’ata. Eenyutu maal murteesse, eenyutu maal ajaje kan jedhutu baha waan ta’eef qabsoon keessoo ukkaamfama. Warri badii baayyee balleesse kuni waltajjiin akka hin uumamne karra cufuun dirqama itti ta’eeti kan kana godhu. BBC- Ajjeechaa Abbootii Gadaa Karrayyuu keessa harka mootummaatu jira jettanii booda dhuguma ta’e. Amma ammoo dhimma ajjeechaa Komishinar Salamoon keessas harki caasaa mootummaa akka jiru himtu. Ragaan qabdan maali? Obbo Taayyee- Ragaan reefuu bahaa jiru, garuu kan ammatti ifa hin goone ni jira. Duubatti deebinee yoo ilaalle Koomishinar Salamoon nama komishinara itti aanaa Poolisii Oromiyaa hogganaa turan, nama yeroo lola daangaa Somaalee sanas aarsaa guddaa uummata kanaaf kanfalani. Awwaalchi nama kanaa garuu maarshi baandiidhaanillee hin dabaalamne. Seenaan isaaniis barreeffamee hin dubbifamne. Maatiitu dafee yaa awaalaamu jedhe kan jedhu sababa hin taanetu dhihaate. Kanaaf, osoo boo’ichii fi awwaalchisaa akkaaf gara hin godhatin deeme gootni hammas gahu. Isaan asitti ammoo wanti mul’chaa jiru wantoota nama sururani. Namni gaafa sana isaan wajjin rukutame komishinar Taasfaayee Dinquu kan waaqni du’a oolchee fi akka malee miidhame yaalii akka hin arganne uggurame. Yaaliin biyya biraatti isaaf ajaajame jalaa ugguran. Akka inni yaala kana hin arganneef.
Kun maaliif ta’e jennee hiikoon itti kenninu nijira. Isaan asittis wantootni ilaala jiru ragaaleen nijiru. BBC- Haala nageenyaa amma Oromiyaan keessa jirtu akka bakka bu’aa uummataatti akkamitti madaaltu? Obbo Taayyee- Haalli Oromiyaa ammarra dhaabbannee yoo ilaallu waan baayyee ulfaataa, waan takkaa argamee hin beeknedha. Bara dhiirri itti gudeedame, bara Abbaan Gadaa itti ajeefamurra geenye. Namni bahee galuu dadhabeera. Waan baayyee fokkisutu jira. Kana murna milkaa’ina hundagaleessaati jedhutu jira. Oromiyaatti osoo Abbaan Gadaa ajjeefamuu, osoo dhiirrii fi dhalaan gudeedamuu fi namni bahee galuu yaadda’uu milkaa’ina hunda galeessa galmeesine yoo jedhamu wanti karoorfame maalii of nama gaafachiisa. Wanti hojjetame nijira isa haaluuf hin ta’u. Garuu manneen barnootaa naannoo kana keessatti gubate kan ijaarame kana caala. Uummanni keenya manni irratti gubatee bakka galu hin qabu. Sangaan jalaa qalamee waan ittiin qotu hin qaabu. Gadadoon lakkaa’amee hin dhumu. Rakkoon hammana gahu nama dhukkubuu dhiisee, milkaa’ina hundagaleessa keessa jirra oggaa jedhamu waan baayyee nama dhibu. Seenaa keessaatti uummanni keenya akka miilanaa rakkatee beeka jedhee hin amanu. BBC- Gaafatamummaa kan fudhachuu qabu eenyu? Obbo Taayyee- Bakka amma jirru kana akka geenyu qaamni qooda taphate baayyeedha. Jalqaba qabsoo karaa nagaatiin dhufee magaala seene gara bosonaatti deebisuun sirrii hin turre. Warri erga qabsoo karaa nagaatiin karaatti dhufamee booda gaaratti galee abidda qabsiisuus sirrii hin turre. Hundaa olitti garuu nagaa uummataa tiksuuf itti gaafatamummaa kan qabu mootummaadha. Mootummaan ofiifis mirga nama tuquu hin qabu, kan mirga namaa tuqus namarraa dhorkuu male. Kanaaf rakkoo amma Oromiyaa keessatti gahe kanaaf itti gaafatamummaa olaanaa kan fudhachuu qabu mootummaadha.
BBC- Eegdotni dhuunfaa keessan isiniraa kaafaman jedhama kuni dhugaadhaa? Obbo Taayyee- Kun dhugaadha. Rakkoo guddalleemmoo miti garuu kaasanii jiru. Wanti amma yaaddoo ta’u garuu hin jiru. BBC- Qeeqa miidiyaa hawaasummaa irratti taasiftaniin isinii fi namoota akka keessaniitiin himata ‘Warra aangoo barbaadu’ jedhu isinirratti ka’a. Dhuguma galma aangoo barbaaduu irra jirtuu? Obbo Taayyee- Kun qoosaadha. Aangoo osoo barbaannee gaafa wayyaanee sanuu ni arganna. Wayyaaneen nama akka keenyaatii miti warra qubee sirnaan hin katabneefuu kennaa turte. Aangoo barbaachaf umrii keenya hin wareegne. Wareegamnee uummmata kanaaf yaa darbu jenneeti kan qabsoo goone. Qabsoo kan goone uummata keenyarratti hattuu jijjiiruuf osoo hin taane jiruusaa jijjiiruufidha. Warra waan gaafa Wayyaanee sana jibbine murni irra deebi’aa jiru ammoo yoo lakkii jettu dhugaa hin fudhatu. ‘Nama biraatiif ergamu, ergama qabu, aangoo barbaadu, malee lafti badhaadhina. Sanuu badhaadhina hundagaleessa’ jedhu. Waan biyyi guutuun argu isaan akkana jedhu. Nuti ‘ida’amuun jal’atee jira. Badhaadhina hundagaleessa kan jedhame badhaadhina maatii muraasaa ta’aa jira. Uummata kaaniifimmoo gadadoo dhalaa jira. Ulfinaa fi kabaja uummanni keenya qabu xiqqeessaa jira’ jenneeti kan qabsaa’aa jirru. Malee ammas aangoo nibarbaanna nuuf kennaa osoo jennee namni nudidu hin jiru. Ammoo aangoon ani amma irra jiru bakkan turee oli. Namni dharraa aangoo qabu hin jiru. Utuuma aangoo barbaaddeellee cubbuu miti. Akka amma jiruun garuu namni guyyaa guyyaan osoo ajjeefamuu, dinadgeen akkanati utuu laamsha’uu, baatee galuunii fi jiraachunuu yaaddoo ta’ee aangoon hawwamu kami? Kanaaf, waan hin fakkaanne fakkeessuun waan ta’u miti.
BBC- Caasaa mootummaa fayyadamanii daldala simintoo fi jimaa daldaluun jira jechaa turtan ammahoo maalirra jira? Obbo Taayyee- Gaafa daldala simintoo keessa hannatu jira, uummanni mana ijaaruu hin dandeenye jechaa turre sana simintoon kuntaalli gabaarratti hanga 800 ture amma 2000 galee jira. Kanaaf hanni achi keessaa jiru, ashaaxirri achi keessaa jiru biyya guutudhaafuu ifa. Eenyufaatu keessa jira, akkamitti raawwatame kan jedhu kan yeros ragaan hin argamin kan ergasii tokko tokkoon mul’ate baayyeetu jira. Kana yeroo barbaachisaa ta’etti nilaalla. BBC- Hojimaata dhaabaa cabsanii miidiyaa hawaasummaa irratti barreessu, kanaaf miseensummaa paartii keessaa baafamuu malu kan jedhu jira. Wanti kuni waan ta’uu danda’udhaa? Obbo Taayyee- Hojmaanni paartii eegamuu qaba kan jedhu sirriidha. Hojimaata paartii keessaa hangafti ammoo qabsoo keessooti. Murni maafiyaa ammoo qabsoon keessoo akka hin jiraanne dachaa meeqan hidhee cufeera. Erga kuni cufamee hojimaanni cabuu danda’u hin jiru. Namni bakka itti hafuura baasu hin jiru. Rakkoo keessa jirra. Rakkoo kanarra hamaatti deemaa jirra. Bakka itti waan dabe sirratu yoo hin jiraanne teesseetuma hallayyaa keessatti of arguu hin qabdu. Carruma argameen ‘jarana hallayyaa keessa seenne’ jettee iyyuu qabda. Qabsoon ani amma itti jiru hojimaanni akka sirratuufidha. Namni gaarii hojjete haa badhaafamu, namni hannatti dhidhimee fi ummata saamee fi mirga namaas sarbe haa gaafatamuudha. Kana gochuufimmoo qabsoon keessoo haa banamuudha qabsoo ani itti jiru. Caffee irrattuu dubbachuu dadhabne, nu ukkaamsu. Kanaaf, dirree kaan irratti yoo ukkaamfaman karaa argameen qabsaa’uu barbaachisa. Paartiin ammoo keenya. Namni kaan paartii kanaan hate. Nuti ammoo paartichaaf qobsoofne.
Nuti ammoo paartichaaf qobsoofne. Kanaaf, namni paartii keessaa nubaasu waan jiru natti hin fakkaatu. BBC- Yeroo hedduu barreffamoota keessan keessatti Shanee lamatu jira jettu? Shanee lamaan eenyuu fi eenyu? Obbo Taayyee- Kan Bosona jiru jira. Kan yeroo hin malletti uummata keenya gara bosonaa akka adeemu godhe. Kaan ammoo kan mootummaa keessa maandheffate jira. Yakki ammoo gamanaayis gamasiiyis ni raawwatama. Kanaafuu kan keessoo keenya jirus jira, kan ala jirus jira. BBC- Baayyee Galatoomaa. Obbo Taayyee- Isinis Galatoomaa. Hubachiisa: Himannaa Deetaa Ministeera Nagaa Obbo Taayyee Danda’aa aanga’oota mootummaa Oromiyaa irratti dhiyeessan kanaaf deebii argachuuf Biiroo Komunikeshinii naannichaatti bilbilulleen hin milkoofne. Qaamni gara fuulduraatti dhimma kanarratti yaada kennu yoo jiraate ni keessumeessina.
Maatii cidha ijoolleesaanii ja'aa guyyaa tokkotti qophaa'erratti sangooota 15 qopheessan “Yaada akkasii qabaadhullee naaf milkaa’a jedhee hin yaadne ture. Gammachuunkoo humnaa oli” jechuun abbaan misirrootaa Obbo Tafarii Balaay BBC’tti himan. Ijoollee isaanii jaha erga takkaa gaa’ela akka godhatan kan taasisan jiraataan godina Shawaa Kaabaa aanaa Warra Jaarsoo magaala Qarree Goohaa Obbo Tafarii Balaay, yaadni, hawwiifii karoorri isaanii yeroo dheeraa galma gaheera. “Ijoollee sagal qabu keessaa ijoolleen jaha kaleessa gaa’ela akka raawwatan taasiseera. Ijoollee dhiira sadi fi durba sadi jedhuudha” jechuun BBCti himaniiru. Ijoolleen durbaa lamaan kana dura kadhatamanii turuufii isheen quxxusuun immoo bara kana keessa kadhatamuu obbo Tafariin himu. Ijoolleessaanii dhiiraafis maatii shamarranii kadhachuun cidhni isaanii guyyaa tokkorra akka ooluf qophaa’aa turuus dubbatan. “Akkaataa sanin hundumaa mijeesseen bakka tokkotti akka naaf dhufuuf qindeesse. Haala sanaan ijoolleen koo jahanuu bakka tokkotti akka gaa’ela raawwatan gochuu danda’eera” jedhan. Cidha Dilbata Caamsaa 28 bara 2014 raawwateef keessummootni kumaan lakka’aman kan affeeraman yemmuu ta’u adeemsi cidhichaa milkaa’aa akka ta’uufis koreen hundaa’ee akka ture himameera. “Koreen sun waan nyaatamu, waan dhugamu akkasumas namni seeraan akka kessummeefamu fi rakkoon akka hin uumamneef kan sirreessudha” jedhan abbaan misirroowwanii Obbo Tafarii Balaay. Obbo Tafarii Balaay ijoollee isaanii erga tokko fuusisuufi heerumsiisuun karoora isaanii yeroo dheeraa akka ture himu. “Yaada kana yoon dhiyeessu haati warraakoos ‘wanti kun gaariidha’ jettee yaadakoo deeggarte” jedhan. Haaluma sanaan yaada isaanii kana ijoollee isaaniitti himuunis akka fudhatamu gochuu dubbatu.
Haaluma sanaan yaada isaanii kana ijoollee isaaniitti himuunis akka fudhatamu gochuu dubbatu. “Ijoolleenkoo ijoollee naamusa qabanidha. Baay’een isaan jaaladha” kan jedhan Obbo Tafariin, sababni ijoolleen isaanii guyyaa tokkotti gaa’ela akka raawwataniif itti fedhanis jaalala isaan ijoollee isaaniitif qaban ta’uu himu. “Ijoolleenkoo hojii isaaniitin baay’ee na gammachiisu. Hundi isaanis wal jaalatu. Kanarraa ka’een ‘gaa’elli keessan guyyaa tokko raawwatama’ kan jedhu itti himaan ture. Rabbi na gargaaree akkan jedhetti naaf ta’e” jedhan. Cidha ijoollee isaaniitif qophii bal’aa taasisaa turuu kan himan obbo Tafarii Balaay, baasiin cidhichaas hangasuma olaanaa ta’uu dubbatan. “Baasiin isaa ni ulfaata. Ulfaatus garuu dirqama waan kana gochuu qabna waan ta’eef malee baay’ee ulfaata” jedhan. Dabalataan deeggarsi uummataas olaanaa akka ture himuun “ummatni ‘ani kanan bita, ani kanan bita’ jechuun qoqqoodatee ba’aa jiru narraa salphiseera” jechuun himan. “Aadaa gaarii qabna. Ummatni keenya wal gargaaruu irratti adda dureedha jechuun ni danda’ama. Namni hoolaa bitee dhufa. Daadhii, farsoo, araqee waan akka aadaatti barbaachisu fidaniiru” jedhan. Cidha ijoollee isaanii kanaaf sangoota 15 qopheessanii akka turan kan himan Obbo Tafariin isaan keessaa 10 qalamuu isaanii himaniiru. Sagantaawwan har’aa fi boruufis sangootni hafan jala jalaa kan qalaman ta’uu dubbatan. Dhumarrattis Obbo Tafariin ijoolleen isaanii hafan sadeen bifuma wal fakkaatun erga takkaa gaa’ela akka godhatan gochuuf karoora akka qaban himaniiru.
Nageenya Oromiyaa: 'Uummanni Oromoo hundi 'Shaneedha' jedhanii dararaa jiru'- Bulchaa Kiiramuu Godinaalee Wallaggaa Bahaafi Horroo Guduruu Wallaggaa aanaalee hedduu keessatti hidhattoonni gosa garaagaraa lubbuu namaa balleessuufi qabeenya gubuu, akkasumas lammiilee nagaa qe'eerraa buqqisuun hammaachuu jiraattonniifi qondaaltonni mootummaa ibsaa jiru. Namoonni aanaalee Kiiramuu, Giddaa Ayyaanaafi Limmuu Galiilaa keessaa buqqa'an rakkoo hamtuu keessa jiraachuu himu. Aanaa Kiiramuu magaalaa Haaroo irraa maatiisaanii waliin baqachuun magaalaa Kiiramuu jiraachuu kan himan Obbo Abdiisaa Yaadataa, ''amma jiruun keenya du'aafi jireenya gidduudha,'' jechuun BBCtti himan. ''Erga Fulbaana 30, 2014 hidhattoonni Amaaraa waraana qe'ee keenyatti bananii qe'eerraa baqannee faffacaanee bakkee jirra. Guyyaa sana namoota 22 nu jalaa ajjeesanii kaan madeessan. Qabeenyi keenya baaburri midhaanii, horiin, midhaan achumatti nu jalaa barbadaa'e. Guyyaama tokkotti harka duwwaatti hafne.'' Maatii sagal qabaachuu kan himan Obbo Abdiisaan, qamadiin ji'a saditti kiiloon 25 kennamuufiin ala waan ittiin maatii jiraachisan akka hin qabne himu. ''Nuti qe'ee keenyatti deebi'uu barbaanna. Garuu mootummaan kanneen yakka raawwatan duuka bu'ee seeratti hin dhiyeessine. Naannoo keenyas hidhattoota kunneen irraa qulqulleessuu hin dandeenye. Yooma lafa duwwaa keenyatti deebina jennellee hidhattoonni kunneen ammas miidhaa nurraan ga'u,'' jechuun ammallee yaaddoo keessa jiraachuu himan. Gandoota 16 Aanaa Kiiramuu keessa jiran keessaa magaalaa Kiiramuurraan kan hafe ganda hunda keessaayyuu uummanni buqqa'eera kan jedhan Obbo Abdiisaan, waliigala namoonni kuma 45 ol buqqa'uu himan. Mootummaan namoota qe'eerraa buqqa'anii bakkeetti faffaca'anii jiraniif deeggarsa barbaachisaa akka taasisu, akkasumas garee meeshaa hidhatanii uummata dararan sakatta'ee seeratti akka dhiyeessu ta'uu baannaan tarkaanfii akka fudhatu gaafatan.
Magaalaa Haroo Ganda 01 irraa buqqa'uun amma magaalaa Kiiramuutti baqatanii akka jiran kan himan Aadde Birhaanee Kabbadaa, erga Fulbaana 30, 2014 haleellaa hidhattootaa baqatanii qe'eerraa buqqa'anii jireenya ulfaataa keessa jiraachuu himan. Guyyaa sana maatiinsaanii namni sagal akka dhumaniifi ijoolleesaanii torba qabatanii baqachuun hanga yoonaa mana namaa kadhatanii akka bulaa jiran himan. ''Kan jiraannu barandaa namaati. Ani qoraan gurgureen maatii saddeet jiraachisa. Gargaarsi mootummaan nuuf kennu ji'a saditti qamadii kiiloo 25. Jireenya namaa keessaa baanee jireenya horiin gadii jiraataa jirra.'' Mootummaanis gara qe'ee keessaniitti deebi'aa jechuu mlee fala biraa nuuf hin barbaanne. Nutimmoo yoo deebines waan itti deebinu hin qabnu. Hidhattoonnis ammallee jiru. Ammallee yaaddoo qabna,'' jedhan. Qondaaltonni mootummaa naannichaa uummanni hidhattootaan dararamaa jiraachuu deddeebi'anii kaasu, haleellaa lammiilee nagaarra ga'aa jiruufis Finxaaleyyii Amaaraa, hidhattoota 'ABO Shanee' ittiin jedhuufi hidhattoota Beenishaangul Gumuz himatu. Rakkoo lammiileen himataniifi furmaatasaarratti Bulchaa Godina Wallaggaa Bahaa Obbo Waaggaarii bira bilbillaan hin kaasan. Bulchaan Aanaa Kiiramuu Obbo Balaay Dassaalee ammoo yaada OBN'f kennaniin gareen Faannoo kan isaan finxaaleyyii jedhanii waamaniifi 'Dirijjit' jedhamu haleellaa uummatarratti raawwachaa jiraachuu himan. ''Gareen kun ganda hunda keessatti caasaa qabu. Gandoota akka Haaroo, Somboo, Caffee Guddinaa fi Baagin jedhaman keessatti ijaaramaniiti kan haleellaa geessisan,'' jedhan. Akka Obbo Balaay jedhanitti, hidhattoonni kunneen hawaasi Oromoo hundi, akkasumas gaggeessaan mootummaa sadarkaan jiru hunduu 'Shanee' akka ta'etti hawaasa qabsiisuun sabni Amaaraa saba Oromoo akka jibbuuf hojjetu.
''Hidhattoonni kunnen aanaa keenya qofa keessatti kan gurmaa'an miti. Lixa Goojjamirraas ni dhufu. Uummata Oromoo nagaa buqqisu, ajjeesu, qabeenyasaa saamu. Akkanni deebi'ee hin dandamanne godhu,'' jechuun gocha garee kanaa ibsu. Haleellaa hidhattootaa kanaan uummanni aanichaa kuma 56 fi 78 qe'eerraa buqqa'ee iddoo adda addaatti faffaca'ee rakkachaa jiraachuu kan himan Obbo Balaay, yoo xiqqaate lubbuun lammiilee 115 darbuus himaniiru. Hidhattoonni kunneen uummata nagaa haleeluu, qabeenya gubuufi saamuu itti fufaniiru kan jedhan anga'aan kun, mootummaan Finxaaleyyiin Amaaraa fi 'Shaneen' akka hin dararreef yaalii taasisaa jirra jedhan. Akka Obbo Balaay jedhanitti, finxaaleyyiin kunneen saba Amaaraa da'oo godhatanii haleellaa waan raawwataniif uummata nagaa Oromoo fi Amaaraa mariisisuun gandoota muraasa keessatti milkaa'aniiru. Garuu gandoota naannoo Amaaraan waldaangessan keessatti ammallee finxaaleyyiin Amaaraa daangaa ce'anii uummata dararuu ittuma fufaniiru jedhan. Rakkoon kana guutummaatti mariin furuun waan dadhabameef hidhattootarratti tarkaanfiin fudhatamuu akka eegalames ibsan. Namoonni haleellaa hidhattootaan gandoota aanichaa keessaa buqqaafaman waan meeshaa harkaa hin qabneef ofirraa qolachuu akka hin dandeenyellee himu. Aanaa kana ganda Burqaa Sooromaa keessaa buqqaafamuu OBN'tti kan himan Obbo Darasuu Gammadaa, ''finxaaleyyiin Amaaraa loon 12 na jalaa fudhatan. Isaan nurratti dhukaasu, nutimmoo harka duwwaa jirra. Rakkoo akkasii keessa jirra,'' jedhan. Jiraataa kan biraan ganduma kana keessatti horiin 17 hidhattootaan jalaa fudhatamuufi waliigala gandasaanii sana keessaa horiin 90 ta'u saamamuu himan. Godinuma kana aanaa Giddaa Ayyaanaa keessattis ajjeechaa, saamichiifi buqqaatiin lammiilee nagaa mudachaa jiraachuu waajjirri kominikeeshinii aanichaa ibseera.
Godinuma kana aanaa Giddaa Ayyaanaa keessattis ajjeechaa, saamichiifi buqqaatiin lammiilee nagaa mudachaa jiraachuu waajjirri kominikeeshinii aanichaa ibseera. Hanga ammaatti humnoota finxaaleyyii Amaaraa jedhaman kanaan lubbuu lammiilee 152 darbuu fi manneen 251 gubachuu waajjirichi eereera. Hoogganaan Bulchiinsaa fi Nageenyaa Godina Wallaggaa Bahaa Obbo Olumaa Dassaalee hidhattoonni kunneen uummata buqqisuun qe'eesaa dhaaluuf fedhii qabaachuu himanii, uummannis qaamleen nageenyaas kana eeyyamuu hin qabu jedhan. ''Finxaaleyyiin saditu jiru. Finxaaleyyii Amaaraa, ABO Shanee fi Sosochii Dimokiraatawaa saba Gumuz jechuun kan of moggaase. Kun hunduu uummata keenya buqqisuu fi ajjeesuutti jiru. Finxaaleyyii kunneen saba isaan bakka buuna jedhanirraa adda baasuuf hojjetaa jirra,'' jedhan.
Hayyu dureen duraanii ABO, miseensi Paarlaamaa Itoophiyaa Obbo Galaasaa Dilboo du'aan boqotan Dura taa'aa ABO Qaama Ce'umsaa kan turanii fi filannoo Itoophiyaa bara 2021 irratti hirmaachuun paarlaamaa keessaa teessuma kan argatan Obbo Galaasaa Dilboo, du'aan addunyaa kanarraa boqochuu miseensi maatii BBC'f mirkaneessaniiru. Obbo Galaasaan halkan keessa ''dhukkuba tasaa isaan mudateen boqotaniiru,'' jedhan miseensi maatii dubbisne kun. Pireezidantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa, du'aan boqochuu Obbo Galaasaatti gadda itti dhagahame ibsaniiru. "Oromiyaan birbirsa cimaa tokko dhabdee jirti. Gameessa qabsoo bilisummaa Oromoo, jabaa gaafa rakkoo umriisaa guutuu Oromoof wareege, Jaal Galaasaa Dilboo du'aan addunyaa kanarraa boqochuun gadda cimaa natti dhagahame ibsaa, Ummata Oromoo maraaf jajjabinan hawwa," jechuun ergaasaanii karaa Feesbuukii Biiroo Dhimmoota Kominikeeshinii naannochaan dabarsan. Waggoota dheeraaf dhaaba Adda Bilisummaa Oromootti hayyu duree ta'uu fi gulantaa adda addaarratti hojjechuun kan tajaajilan Obbo Galaasaa Dilboo, erga dhaabicha keessaa ba'aniis abdii kutatanii hin teenye. Filannoo baranaa irratti namoota dhuunfaan dorgomanii teessuma mana marii bakka bu'oota ummataa argatan muraasa keessaa Obbo Galaasaan tokko ta'aniiru. Gameessi siyaasaa kun Adda Bilisummaa Oromoo bakka hedduutti caccabe kana suphanii sirreessuun ulfaataa akka hin taanee fi kanaaf ammoo tooftaa fi tarsimoo fooyya'aa qabaachuu akka feesisu cichanii abdiidhaan dubbataa turan. ''Qabsoon dhaabaa akka barbaadamutti hin deemne jedhanii harka maratanii hin taa'amu'' jedhan Obbo Galaasaa Dilboo BBC'tti yoo dubbatan. Teessuma mana marichaa kan mo'atan aanaalee Godina Harargee Bahaa sadii Gola Odaa, Qumbii fi Malkaa Bal'oo bakka bu'uuni.
Teessuma mana marichaa kan mo'atan aanaalee Godina Harargee Bahaa sadii Gola Odaa, Qumbii fi Malkaa Bal'oo bakka bu'uuni. Waggaa sadii dura Itoophiyaa keessatti jijjiirama siyaasaa dhufe hordofee waamicha humnoota siyaasaa biyya alaa turaniif taasifameen dhaabbileefi hoggantoota siyaasaa biyyatti deebi'an keessaa tokkodha. Yeroo waggaa sadii dura deebi'an turtii BBC Afaan Oromoo waliin taasisaniin waayee isaanii akka kanaa gadiitti ibsan: Kanan dhaladhe Godina Wallagga Bahaa magaalaa Naqamteetti. Barnoota kiyya sadarkaa tokkoffaa fi sadarkaa lammaffaas kanan baradhee achuma magaalaa Naqamteetti. Bara 1974'tti ammoo Yunivarsitii Finfinneen seene. Barnoota bara jalqabaa osoo hin xumuriin, Dargiin aangootti waan dhufeef qabsoodhaaf gara Somaalee deemne. Boodarra Mootummaan Somaalee gara biyyaatti waan nu deebiseef, biyyatti deebinee dirree hidhannootti dabalame. Saniin booda jireenyikoo ABO waliin itti fufe jechuudha. Gama maatii ilaaluun obbolaa laman qaba. Gama kiyyaan sababuma qabsoo kanaan hin fuune; maatiis hin godhatiin hafeera. Abbaankoo, haatikoo, adaadaan koos bakkuma ani hin jirretti na jalaa du'aniiru. Du'a isaanis dirreedhuma qabsootti natti himame. Erga bara 1992 sababiidhuma qabsootiin biyyaa baanee amma waggoota 27 boodan gara biyyaatti deebi'e. Yeroo chaartaraa bara 1991 sana konfaransii jalqaba taasifamee ture sanarratti akkuman hirmaadheen, guyyaa lama booda waanin dhukkubsadheef yaalaaf gara Awurooppaan deeme. Yaala argadhee bara 1992 gara biyyaatti deebi'e. Sana boodas haalli ture babbadee waan tureef deebinee gara qabsoo hidhannootti deebii'uun dirqama ture. Anis qabsootti makamee sochii itti fufee. Yeroo cehumsaa sanatti anatu hayyu duree ABO ture. Obbo Galaasaan waggoota dheeraaf ABO Hayyu durummaan alatti gulantaalee adda addaa irrattis tajaajilaa turani.
Irra deebiin cufamuu Riizoortii Soodareefi deebii qaama mootummaa Qabeenyummaan isaa kan abbaa qabeenyaa Dinquu Dayyaasaa kan ta'e Hoteela Riizoortiin Soodaree bara 2020 keessa sababa galii mootummaa seeraan hin kaffalleefi seeraan ala lafa babaldhifate jedhuun marsaa duraa cufamee ture. Ergasii ji'oota torbaa oliif cufaa turuun deebi'ee banamuun tajaajila kennaa ture. Yeroo sana dhimmi qabiyyee lafaa Rizoortichi qonnaan bultoota naannawa sanaaa wajjin mana murtiitti ilaalamaa ture kun hanga murtii argatutti Rizoortichi cufamee turuu hin qabu jechuun koreen aanaafi godinaa akka tajaajila jalqabuuf murteessees ture. Ittigaafatamaan Faayinaansii Hoteela Rizoortii Sodaree kan tahan Obbo Tasfaayee Ituu BBC'tti akka himanitti, Rizoortichi yeroo lammaffaadhaaf amma erga cufamee ji'a tokko ta'eera jedhan. "Gaafa Muddee 12 bara 2014 galgala naannoo sa'aatii sadii qaamni mootummaa dhufee dhaabbanni kun keessummoota qabu akka gaggeessu, haaraa ammoo akka hin seensisne, borurraa jalqabee akka tajaajila dhaabu jedhanii qaama eegumsaatti himanii deeman," jedha. Qaamni mootummaa bulchiinsaa aaanaa Adaamaaafi Shawaa bahaa ajaja kana dabarse karaa eegumsaatiin ergaan kun akka nu gahu godhan malee xalayaa seera qabeessi nu qaqqabe hin jirus jedhu Obbo Tasfaayeen. Akkaatuma ajaja darbe kanaatiinis Hoteelli Rizoortii Soodaree A L I Muddee 13 bara 2014 irraa eegaluun marsaa lammaffaadhaaf cufamee akka jirus himan. Dhimma irra deebiin cufamuu Hoteela Riizoortii Soodaree irratti kan gaafanne Bulchaan Godina Shawaa Bahaa Obbo Abbaabbuu Waaqoo, Rizoortichi sababa ijaarsa babal'ifannaa kan mana murtiitin qabamee jiru itti fufee jiruuf akka hojii dhaabu ta'e jedhan. "Marsaa jalqabaa sana sababa lafa irratti hawaasa naannoo wajjin waldhibdee tureen manni murti daangessee himannaa irratti banee ture.
Isa sana deebisanii ijaarsa irratti gaggeessan. Ajaja mana murtii cabsanii waan ijaaraniif," jedhan. Rizoortichi sababa ijaarsa babal'isuu itti fufeen cufamus qaamni Rizoorticha Bulchu dhihaatee akkaataa itti ijaarsa sana itti fufuu dandahan ibsuun Rizoortichi hojii isaa akka itti fufu gochuun ni dandaha jennee gaafannus namni dhihaatee deebii kennu hin argamne jedhan. "Qaamni ijaarsa jalqabsiistan koottaatii akkaataa itti ijaarsa jalqabsiistan yaada kennaatii Rizoortichi haa banamu jedhamee ture. Namni as bahee kana dubbachuu barbaadu hin jiru waaan ta'eef amma cufamee jira," jedhan Obbo Abbaabbuun. "Qaamni bulchiinsa Rizoortichaa keessaa ta'e na bira dhufanii ture. Akkamitti ijaarsa jalqabdan jennaan deebii kennuu hin dandeenye. Hogganaa keenya waamnee akka deebii kennu goona jedhanii deeman. Ergasii hanga ammaa hogganaan isaaniis deebi'ee hin dhufne," jedhan. Ittigaafatamaa Faayinaaansii Hoteela Rizoortii Soodaree Obbo Tasfaayeen yaadni Bulchaan godinichaa jedhan dhugaa ta'uu himuun, hojii gaaggeessaan Rizoortichaa ji'ootaan dura hojii waan gadhiiseef hanga ammaa qaamni dhihaatee deebii kenne hin argamne jedhan. "Qaamni mootummaa hojii gaggeessaan dhufee nu haaa dubbisu nuun jedhe. Hojii gaggeessaan waraqaa galfatee hojii gadi lakkiseera nan ilaaallatu jedhe. Ammatti Hoji Gaggeessaan biraas bakka buufamee hin jiru. Nuti kanaa ol deemuu hin dandeenye. Hojii gaggeessaan osoo Rizoortichi hin cufamin dura hojii gadhiise," jedhan. Rizoortiin Soodaree erga marsaa duraa cufamee deebi'ee baname irraa kaasuun eegumsa isaa kan taasisaa jiru dhaaabbata Eeegumsaa Foollee jedhamudha. Hojii gaggeessaan dhaabbata Eegumsa Foollee Obbo Abdii Aabbuu, tibba jalqabaa Rizoortichi cufame qaamota hin beekamneen halkan irra yaaliin saamichaa taasifamee ture jedhan.
Hojii gaggeessaan dhaabbata Eegumsa Foollee Obbo Abdii Aabbuu, tibba jalqabaa Rizoortichi cufame qaamota hin beekamneen halkan irra yaaliin saamichaa taasifamee ture jedhan. "Rizoortiin kun guddaadha keessa isaa bosonafaaa qaba. Meeshaa waraanaa malee kan eegamu miti. Dhaabbata keenya ammoo kana dura mootummaan qorannoodhaaf jedhee meeshaa keenya fuudhee nuuf hin deebisne. Kanaaf eegdonni keenya meeshaa waraanaa hin qaban," jedhan. "Tibba jalqabaa sana qaamni ta'e halkan fuulatti maaskii uffachuun eegdota keenya irraan miidhaa geessisuun yaalii saamichaa godhanii turan. Ergasii qaamni poolisiis deeggarsa nuuf gochaa waan jiraniif rakkoon akkasii amma hin jiru," jedhan Obbo Abdiin. Hoteelli Rizoortii Soodaaree Godina Shawaa Bahaa aanaa Adaamaatti kan argamu yoo ta'u, bakka bashannanaa daawwattoota hedduu keessumeessuudhaan beekamu ture.
Aanga'oonni mootummaa ajjeechaa abbootii Gadaa Karrayyuurratti 'wal saaxilan' Aanga'oonni mootummaa lama ajjeechaa abbootii Gadaa Karrayyuu torban sadii dura raawwateef ajajni kan kenname hooggantoota mootummaa naannoo Oromiyaa keessa jiraniin ta'uu akeekan. Deetaa Ministiraa Ministeera Nagaa Itoophiyaa fi miseensi caffee Oromiyaa Obbo Taayyee Danda'aa fi miseensi Paarlaamaa Itoophiyaa kabajamoo Angaasaa Ibraahiim ajjeechaan abbootii Gadaa Karrayyuu irratti raawwatame garee hooggansa mootummaa naannoo Oromiyaa keessa jiruun ta'uu himan. Hooggansa Federaalaatti dhufuun dura qondaala olaanaa dhaaba Badhaadhinaa naannoo Oromiyaa kan turan Obbo Taayyee danda'aa, tibba kana miidiyaa hawaasaa isaanii gubbaatti hooggansa naannoo Oromiyaa keessa caasaan dantaa uummataa faallaa adeemuufi malaammaltummaa dabalatee yakkoota adda addaa hojjetu jiraachuu irra deddeebiin himaa jiru. Gama kaaniin hooggansi naannichaa biroon adeemsaa fi qeeqa Obbo Taayyeen dhiyeessan kana busheessa. Haalli kun hooggansa dhaaba Badhaadhinaa naannoo Oromiyaa keessa gareen ijaaramee walqoodinsi uumameera yaada jedhu kaaseera. Obbo Taayyeen maxxansaalee isaanii keessatti garee qeeqa jajjabaa irratti dhiyeessan kana maqaa hin dhoofne. BBC'n dhibdee hooggantoota naannichaa gidduu adeemaa jiraachuu fakkaatu kana irratti Obbo Taayyee, Pireezidantii naannicha Obbo Shimallis Abdiisaa, Itti aanaa pireezidantii kan ta'an Obbo Awwaluu Abdii fi Dubbii Himaa Paartii Badhaadhinaa Oromiyaa Obbo Gizaachoo Gabbisaa bilbilaan dubbisuuf yaalee argachuu hin dandeenye. Obbo Taayyee Danda'aa maxxansaalee isaanii garee hooggansa naannoo Oromiyaa qeequu fi himatu keessaa kan guyyaa Mudde 26/2021 maxxansan keessatti '' yakka jaraarraa xinnoo himnaan waatu duuba jira'' jedhamuu himan. ''...kan isin shiftaa itti ergitanii ficcisiiftan, kan abbootii Gadaa irraa ajjeeftaniifi kan isin bittaa qawweef jecha qarshii 600,000,000 irraa guurtanii dhowwattan martuu nu duuba jiraa'' jechuun ajjeechaa abbootii Gadaa Karrayyuu duuba hooggansi mootummaa jiraachuu akeekaniiru.
Miseensi Paarlamaa Itoophiyaa kan Hangaasaa Ibraahiim yaadota Obbo Taayyee deeggaran kaasuun, odeeffannoo bal'aa rakkoo hooggansa sadarkaa naannootti jiru miidiyaa hawaasaa gubbaatti yoo himan akkaataa Abbootiin Gadaa Karrayyuu itti ajjeefamanis ibsaniiru. ''Sadaasa 22 ganama Poolisiin dhaqee isaan marsee nama 39 qabe. Nama 16 bosona basaqqee jedhamu geessanii jilbeeffachiisanii naasuu malee ajjeesanii'' jedhan Dr Hangaasaan. Odeeffannoo kana kan argatan namoota lama ajjeechaa kana jalaa lubbuun oolan irraa ta'uufi nageenya isaaniif jecha eenyumma isaanii akka hin ibsine dubbatan. Itti dabalaniis ''Abbaan wan kana gaggeesse namoota qabdanii turtan 39 bakka tokkotti fixxanii jiraattanii oduun mootummaatu abbootii Gadaa Karrayyuu ajjeese jettu nutti hin kaatu turte, hambisuu keessanitu sirrii mitii jechuun ijoollee poolisaa komatan,'' jedhu. Qaama ajjeechaa kana ajajaniiru jedhanis maqaa dhahanii himaniiru. Odeeffannoon namoota lamaan kanaan ifa godhame jedhan kunis odeeffannoo BBC'n amma dura yeroo ajjeechaa abbootii Gadaa Karrayyuurratti gabaasa hojjetu argateen wal-sima. Godina Shawaa Bahaa daangaa Aanaa Boosati fi Aanaa Fantaalee iddoo Kaarra ykn Mootoma jedhamu qubatanii kan turan Abbaa Gadaa Karrayyuu Kadiir Hawaas dabalatee, namoonni 14 humnoota mootummaa Oromiyaatiin ajjeefamuu jiraattonni BBCtti himanii ture. ''Gochichi kan raawwatan poolisii humna addaa naannoo Oromiyaati. Wayita gochicha raawwatanittis uffannaa dambii humna addaa Oromiyaa uffatanii akka turan odeeffanneera'' jechuun jiraattonni BBC'tti himanii turan. Haata'u malee mootummaan ajjeechaa kana kan raawwate garee ''ABO Shanee'' ittiin jedhu ta'uu beeksisuunsaa ni yaadatama. Odeeffannoon qaama mootummaa keessaa waayee ajjeechaa abbootii Gadaa kanaa haaraan bahuu hordofees BBC'n irra deebiin hogganaa Biroo Bulchiinsaafi Nageenya Oromiyaa Obboo Shaafii Huseen gaafatee ajjeechaan sun qaamolee shorkeessoo ABO-Shaneen raawwatamuu dubbatan.
Odeeffannoon qaama mootummaa keessaa waayee ajjeechaa abbootii Gadaa kanaa haaraan bahuu hordofees BBC'n irra deebiin hogganaa Biroo Bulchiinsaafi Nageenya Oromiyaa Obboo Shaafii Huseen gaafatee ajjeechaan sun qaamolee shorkeessoo ABO-Shaneen raawwatamuu dubbatan. Gama biraatiin ammoo ''Ajjeechaan kun ta'e jedhamee itti qophaa'amee humnootii nageenyaafi hidhattoota motummaa Paartii Badhaadhiinaatiin namoota nagaa callisiisuuf gara jabinaan kan raawwatamedha,'' jechuun ture ABO ibsa wayita sanitti baasee tureen gochicha kan balaaleffate. Ajjeechaan Abbootii Gadaa Karrayyuu ALI Sadaasa 22 kan raawwate naannoo uummanni Karrayyuu sirna Gadaa itti gaggeeffatu bakka warri aangoo Gadaa harkaa qabu qubatanii jiranitti ta'uu jiraataan Aanaa Fantaallee obboleessi isaa namoota ajjeefaman keessaa tokko ta'u dubbate BBC'tti himeera. Abbaa Gadaa Kadiir Hawaas dabalatee tuutni abbootii Gadaa ajjeefaman miseensota Gadaa Michillee, kan Dullachaa yoo ta'an, waggaa afur dura Gadaaf godaananii bakka Kaarra jedhamu qubatanii turan.
Waraana Tigraay: Waa'ee haleellaa qilleensaafi lola naannawa Kamiseetti ta'ee maal beekna? Torbee darbe Waraanni Bilisummaa Oromoo (WBO) fi humnoonni Tigraay waliin ta'uun, naannoo Amaaraatti magaalaa gudditti Godina Addaa Saba Oromoo Kamisee to'achuu erga himaniin duuba, haleellaa qilleensarraa Kamisee fi naannawaa isheetti raawwatameen namootni nagaa hedduun ajjeefamuu jiraattonni BBC'n dubbise himan. Haa ta'u malee, bulchaan godinichaa Obbo Ahimad Hasan haleellaan xiyyaaraa lammiilee nagaa hin tuqne jechuun deebisan. "Bakkee lolli hin jirre, bakkee nagahaa, akkasumas ummatni nagahaa, ummatni lola keessa hin jirre, ummatni hin lolle, ummatni badiidhaaf hin deemne hanga ammaatti dirooniidhaan hin dhahamne," jedhan. Ta'us, saamichi, gudeeddiin raawwateera jechuun turtii BBC waliin taasisaniin himan. Humnootiin Tigraay torbee tokko dura Sadaasa 1, 2021 magaalota godinichaa akka Baatee, Burqaa fi Harbuu to'annoo isaanii jala oolchuu himan. Isa durammoo Sadaasa 3, 2021 WBO waliin ta'uun magaala guddittii godinichaa kan taate Kamisee to'achuu isaanii himanii turan. WBO'n osoo humnoonni Tigraay hin ibsiin guyyoota sadii dursee Kamisee to'achuu ibsee ture. Ergasii lola naannicha keessatti humnoota mootummaa waliin godhamaa jiruun, haleellaa qilleensaa mootummaan raawwateen namootni nagaa ajjeefamaniiru jedhu jiraattonni BBC'n dubbise. Haleellaan qilleensaa Sanbata Sadaasa 6, 2021 irraa eegalee Caffaa Roobiit, Battee fi baadiyyaa Axaayyee dabalatee bakka gara garaatti raawwatameen walumaagalatti yoo xiqqaate namootni ajjeefaman 33 ganda gandarraa maqaan adda baafamaniiru jedha jiraataan tokko. Bakka Caffaa Roobiit jedhamutti haleellaa qilleensarraatiin namootni hedduun ajjeefamuu fi manneen hedduun gubachuu ijaan arguu kan himu jiraataan maqaan isaa akka hin himamne gaafate kun, ganda baadiyyaa Battee jedhamutti, maatii tokko keessaa namootni sadii ajjeefamuu hima.
Naannawa san keessatti ammallee lolli adeemaa jiraachuu fi sababa kanaatiin namoonni hedduun qe'eerraa buqqa'uu fi deeggarsa malee bakka gara garaa qubatanii akka jiranis hima. Caasaan mootummaa guutummaatti akka hin jirreefi godinichi harka qeerroo fi hidhattoota Oromoo harka jiraachuu hima jiraataan kun. Odeessaalee biroo dubbisuu maltan: Jiraataan biraa godina addaa Saba Oromoo Aanaa Jiillee Dhummuugaa magaalaa Sanbatee irraa dubbisne akka jedhutti, lolli isaan bira gahuu baatus, guyyoota muraasa darban naannoo magaalaa Axaayyeetti lolli adeemaa jiraachuu fi dhukaasni meeshaa waraanaa gurguddaa akka dhagaa'amu hima. Haleellaa qilleensarraa guyyoota muraasa dura Aanaa Arxummaa Fursii magaalaa Caffaa Roobiit keessatti raawwateen daa'immanii fi dubartoota dabalatee namootni nagaa hedduun ajjeefamu akka quba qabus hima jiraataan kun. Jiraattonni BBC'n dubbise kana haa jedhan malee bulchaan Godina Addaa Saba Oromoo Obbo Ahimad Hasan, lola adeemaa jiruun hanga ammaatti ummanni nagaa xiyyaaraa/dirooniin hin dhahamne jedhan. Lolli adeemsifamaa kan jiru qaama 'naannoosaa gadhiisee weerara adeemsisaa jiru' waliin ta'uu kan himan Obbo Ahmad, "lammiileen nagaa haleellaa xiyyaara waraanaa fi dirooniin ajjeefamaa jiru" kan jedhu olola Itoophiyaa diiguuf adeemsifamaa jiru ta'uu dubbatan. Dabalataan, humnoonni Tigraay dhimma haleellaa xiyyaaraa waan dubbatan hin qabani. Mootummaan Federaalaa guyyoota darban haleellaa qilleensaatiin buufataalee leenjii fi loojistikii hidhattootaa haleeluu beeksisaa ture. Ta'us, kan haleellaa naannawa Kamisee waan dubbate hin qabu. Lola godinicha keessatti adeemaa jiruun "namoonni du'aniiru, saamichi garagaraa akkasumas dirqamaan gudeeduun raawwatameera" jedhan Obbo Ahimad Hasan. "Weerarri Kaaba Walloo fi Kibba Walloorratti raawwatame nurrattis raawwatamaa jira" kan jedhan Obbo Ahmad, weerarri kun humnootii TPLF fi Waraana Bilisummaa Oromoo /WBO/ kan isaan "juuntaa fi baandaa shanee" jedhaniin raawwatamaa jiraachuu BBCtti himaniiru.
"Lolli ifa bahe aanaa Arxummaa Fursii irratti adeemsifamaa jira. Bakka hundatti garuu qote-bulaan lola adeemsisaa jira. Afuris shanis ta'ee lolaa jira," jedhan. Hidhattoonni Tigraay magaaloota godinichaa gara garaa seenuu kan himan aanga'aan kun "bifa tasgabbaa'een to'annaa jala oolchuu osoo hin taanee, dhukaasa garagaraatu adeemsifamaa jira," jedhan. Itti dabaluunis "Shanee liigii Wayyaaneetu walitti qabamee maqaa Oromootiin isaan walin lolaa jira" jedhan. Jiraataan magaalaa Sanbatee irraa dubbisne lolli isaan bira akka hin geenye himuun Kaaba magaalaa Sanbatee kan jirtu Naannoo Amaaraa Godina Shawaa Kaabaa Aanaa Efiraataa fi Gidim magaalaa Axaayyee irraa sagalee dhukaasaa gurguddaatu dhagaa'ama jedhu. Raayyaan Ittisa biyyaa magaalaa Sanbatee qaxxaamuree garas yoo darbus ni agarra jedha jiraataan kun. Kallattii Kibbaatiin magaalaa Shawaa Roobiititu nu daangessa kan jedhu jiraataan magaalaa Sanbatee kun, humna waraanaa hedduuti keessatti bu'e, meeshaa waraanaa gurguddaa keessatti buusaniiru jedha. Kanaafis yaaddoo fi sodaa keessa jirra jedha. Aanaalee Godina Addaa Saba Oromoo biroo keessa bilbilli fi intarneetiin adda citee waan jiruuf haala jiru qabatamaatti hubachuu hin dandeenye jedha jiraataan kun. Lola Godina Addaa Saba Oromootti adeemsifamaa jiruun ummanni qe'ee isaatii buqqa'e akka hin jirres bulchaan godinichaa kun himaniiru. "Ummanni keenya hin buqqa'u. Balagaaraa itti dhufe lafasaarra ta'ee lafasaarraa qolata malee ummata lafasaa gadhiisee bahu hin qabnu," jedhan. "Ummanni keenya lafumasaarra ta'ee warra isa diiguu, saamuu fi gudeeduuf dhufu, warra Oromoo cabsuuf dhufu, warra Itoophiyaa diiguuf dhufu lafumasaarra ta'ee falmataa jira," jedhan. Haata'u malee "namoonni du'aniiru, saamichi garagaraa adeemsifameera, akkasumas dirqamaan gudeeduun raawwatameera," jedhan.
Haata'u malee "namoonni du'aniiru, saamichi garagaraa adeemsifameera, akkasumas dirqamaan gudeeduun raawwatameera," jedhan. Gochaaleen kunneenis namoota nagaa, akkasumas kan lola keessa jiran irratti raawwatamuu dubbataniiru. Gargaarsa namoomaa lammiileef taasifamu ilaalchisees ammatti wanti ummataaf taasifamaa jiru akka hin jirre dubbataniiru. Waraanni naannoo Tigraayiitti eegalamuun boodarra naannoolee ollaa Affaariifi Amaaraatti babal'ate amma waggaa tokko lakkoofsiseera. Waraanichi dhaabbatee furmaanni mariin akka barbaadamuuf biyyoonni adda addaa, dhaabbilee ardii fi idil-addunyaa irra dedeebbiin waamicha taasisan illeen hanga ammaatti bu'aa qabatamaan osoo hin mul'atiin waraanichi akkuma itti fufeetti jira. Lakkoofni namoota waraana kanaan lubbusaanii dhabanii sirriin beekamu baatulleen kanneen kumaatamaan lakkaa'aman du'uu akka hin oollee dhaabbilee idil-addunyaa adda addaa ni tilmaamu. Dhaabbanni Biyyoota Gamtoomanii akka jedhuutti, sababii waraana kanaatiin naannoo Tigraay, Amaaraa fi Affaar keessatti nammoonni miiliyoona torbaa ol ta'an deeggarsa namoomaa hatattamaa kan barbaachisu yoo ta'u, kanneen walakkaa miiliyoonaa ta'an ammoo qarqara beela cimaatti argamu.
Gargaarsi karaa miidiyaa hawaasummaa walitti qabame akkamiin uumata bira ga'a? Rakkoo hongee godina Booranaatti mudateen walqabatee torban darberraa kaasee namoonni miidiyaa hawaasummaarratti duula deggersaa gaggeessaa jiru. Itoophiyaa keessatti miidiyaan hawaasummaa waan gaariif ooluurra badiif oola jechuun wayita komatamu dhagahama. Keessattuu Feesbuukiin qaamoleediigumsa biyyaaf socho'aniif da'oodha jechuun mootummaan biyyattii komataa ture. Haata'u malee, darbee darbee fayyadamtoonni Feesbuukii hojiiwwan gargaarsaa akkanaa wayita hojjetanis biyyattii keessatti ni mul'ata. Namoonni hordoftoota hedduu miidiyaa hawaasarratti qaban dhalattoonni Booranaa kan akka Maskaram Mangistuu, Firaa'ol Kabbadaa fi Jaatanii Bonayyaa akkaawuntii baankii waloon banuun uummata Booranaaf maallaqa walitti qabuutti jiran. Namoota sadii ta'anii uummata Booranaa hongeen miidhame gargaaruuf duula garaa Feesbuukii gaggeessaa jiran keessaa tokko kan ta'e Jaatanii Bonayyaa adeemsa kana keessatti waan taajjabe akkanaan dubbata. ''Uummati keenya walqarqaaruurratti hamilee qabaachuusaa, uummata waljaalatu ta'uusaa, uummanni Oromoo alaa fi keessaa, sablammiin dhibiillee walumaagalatti nami naasuu walii qabaachuusaati armarratti kanin arge,'' jedhe. Abbaan iyyatu ollaan birmata akkuma jedhamu, yoo namni rakkoosaa baasee himate namni walqarqaaruurratti yaadisaa dansaa akka ta'e hubadhe jedha Jaataniin. ''Fakeenyaaf, erga rakkoon ba'ee dubbatamee xiyyeeffannaan kenname. Bonaan ya miidhamne, horiilleen ya miidhame jedhee erga nami rakkoo kana dubbatee xiyyeeffannaa argate.'' Miidiyaa fi mootummaanillee erga namuu iyyuu eegalee xiyyeeffannaa kennan jedha Jaataniin. ''Miidiyaanillee erga namuu iyyuu eegalee rakkoo kana akka dansaa gabaasuu eegale. Ergasii warri mootummaalee rakkoo kana deemanii ilaalan. Uummati olla keenyaallee margaa fi bishaan nuuf gumaache.''
Waan uummanni kun keessa jiru hordofaa turuu fi rakkoon daran hammaachaa wayita dhuftu duula kana eegaluu hima. ''Waan uummanni keenya keessa oolee bulu inuma argina. Wanni arginu kunimmoo akka malee ulfaatte. Ammoo rakkoon uummati sun keessa jiru xiyyeeffannoo miidiyaa dhabde. Rakkoonis ni dhokatte. Nutis kanarraa ka'uun rakkoo uummati keessa jiru kana gadi baasuu qabna jennee murteessine. Karaa kamiin beeksisuu qabna kan jedhu itti yaadne.'' Mootummaa dabalatee qaamni dhimmi kun ilaallatu rakkoo kana dhagahuu qaba jennee erga murteessinee booda karaa miidiyaa hawaasummaa rakkoo jiru beeksisuuf murteesine jedhe Jaataniin. ''Namoota miidiyaa hawaasummaarratti hordoftoota hedduu qabanitti fayyadamuun waliin hojjechuu eegalle.'' Godinni Booranaa aanaalee hedduu qaba, aanaalee kunneen keessatti ammoo haala walfakkaatuun rakkoon mudateera. Kanaafuu gargaarsa kana akkaataa namuu teellaatti hin hafneen akkamiin hawaasa biraan geessu? Kanarratti yaada kan kenne Jaataniin,''Godinni Booranaa aanaalee kudhan caalan qaba. Nuti godina cufa geenya. Warra koree godinaa bakka hunda beekutu jiru, isaan waliin hojjenna,'' jechuun namoota haala uummataa beekan waliin akka hojjetaa jiran hima. ''Isaanillee, uummatillee fulaa rakkoon irruma caalaa hamtuu ni beeku. Akkasiin jaarsoliin biyyaallee fulaa irra hamtuu gargaarsi itti qajeeluu male walgaafatee akkasiin ittiin deemna jechuudha.'' Akkuma biyyaa keessa, biyyaa alaatiillee, adeemsi akkanaa geggeffamaa jira. Aab Habtaamuu Abdi, Go Fund jalqabuun, ammatti, doolaara kuma 22 ol uummani baasuu hima. Haala kanarraa uummanni Oromoo walbira jiraachuu akka qabun hubadhe jedha. ''Kun Oromoon walmalee akka eenyullee hin qabne, Oromoon gargaarsa alaa dhuftu eeggachuurra waliif qaqqabuu akka qabu agarsiisa.''
''Kun Oromoon walmalee akka eenyullee hin qabne, Oromoon gargaarsa alaa dhuftu eeggachuurra waliif qaqqabuu akka qabu agarsiisa.'' Rakkoon Booranaa kun wagga waggaan marsa, yeroo mara rakkoon bishaan, midhaan fi margaa ni mudata. Hanqinni roobaallee akkasuma, namaafi saanillee guddoo miidhamu. ''Biyyoota addunyaa hedduurratti hongeen inuma mudata, waan haaraa miti. Ammoo sababa gogiinsaa namni beelaan dhumuu hin argitu. Keenyalee sababa kanaan namni beela'uu hin malle. Waan mootummaan xiyyeeffannaa hin kennineef kun ta'e,'' jedhe Habtaamuun. ''Osoo duraan qophaa'anii raaga haala qilleensaa ilaalanii bishaan, nyaata namaa fi beelladootaa qopheessanii kun hin dhufu ture.'' Lafti Booranaa irra-jireessi gammoojjidha, uummannimmoo horsiisee bulaadha kan jedhu Habtaamuun, Yoo hin roobin margaa fi bishaan bakka argatu hin qabu, yoo kana ammoo saani isaa jalaa dhumu. Kana hunda dursee kan qophaa'uun irra ture mootummaadha jedhe. ''Mootummaan uummata horsiisee bulaa, tikfatee bulaa kanaaf yoo xiyyeeffannaa hin kennin, akka lammiisaatti yoo hin ilaalle waggaa dhufullee akkasuma. Dursanii eela qotanii bishaan kuusuu, nyaata horii fi namaa qopheessuun rakkoo kana ittisuu danda'a. Akkasiin mootummaan qophaa'uu qaba.''
Itoophiyaatti mormitoonni aangoo federaalaa keessatti hammataman waa'ee muudamasaanii maal jedhu? Hoogganoonni dhaabbilee siyaasaa mormituu kaabinee haaraa MM Abiy Ahimad hundeessan keessatti hammataman dhaaba mormaniin waliin ta'uun gaafatama itti kenname bahachuun haalli yeroo biyyattii waan gaafatu akka ta'e dubbatan. Ministirri Muummee Itoophiyaa Abiy Ahimad guyyaa Roobii kaabinee isaanii haaraa 22 paarlaamaaf dhiyeessanii raggaasifatan keessatti, haala amma dura hin baratamneen aanga'oota paartilee mormitootaa sadii sadarkaa ministeeraatti akka tajaajilaniif dhiyeessanii muudamni isaanii ragga'eera. Dura taa'aan paartii IZEMA Piroof. Birhaanuu Naggaa Ministira Barnootaa, dura taa'aan paartii ABIN Obbo Ballaxa Mollaa Ministira Teknooloojii fi Innooveeshinii, akkasumas hooggansi dhaaba Adda Bilisummaa Oromoo Obbo Qajeelaa Mardaasaa ammoo Ministira Aadaa fi Ispoortii ta'uun muudaman. Siyaasa Itoophiyaa keessatti hirmaannaafi beekamtii baroota dheeraa kan qaban Piroof. Birhaanuu Naggaa, muudama isaanii ilaalchisee gaaffiifi deebii BBC waliin taasisaniin, Ministeerri Barnootaa aangoo murteessaa fi gaafatamni kennameefi olaanaa ta'uu ibsuun, gaafatama irraa eegame akka bahatan dubbatan. ''Akka ilaalcha kootti ministeerota jiran keessaa isa ulfaataadha. Keessumaa faayidaa isaa yeroo ilaaltu wanti hundumtuu barnootarratti hundaa'a. Kanaaf akka kootti hojii guddaadha garuu immoo gaafatama koo nan bahadha,'' jedhan. Hogganaa dhaaba mormituu ta'anii qaama kaabinee dhaaba biyya bulchuu ta'uu yaaddanii beektuu jedhamanii kan gaafataman Prof. Birhaanuun, haalli qabatamaan amma biyya keessa jiru walitti dhiyaatanii waliin hojjechuu yeroo feesisuudha jedhan. Hooggana dhaaba ABO kan ta'an Obbo Qajeelaa Mardaasas BBC waliin gaaffiifi deebii taasisaniin, murteen dhaabni Badhaadhinaa morkattoota kaabinee keessa galchuuf fudhate ijaarsa biyyaa keessatti gahee gaarii kan bahu akka ta'e dubbatan.
Gaafatama itti kenname kana gahuumsaan akka bahatnis mirkaneessan. ''ABO filannoo kana irratti osoo hirmaateera ta'ee bakka bu'iinsa kanarra bal'aa argamuun ni danda'ama ture,'' kan jedhan Obbo Qajeelaan, rakkoo keessoo dhaaba isaaniifi boordiin filannoo tarkaanfii si'ataa fudhachuu hafuu isaatiin sun ta'uu akka dhabe dubbatan. ''Paartilee morkattootaa hedduu jiran keessaa nuufis hireen hanga ta'e nu kennani,'' kan jedhan Obbo Qajeelaan, ''haala ABO irra jirurraa kaanee gaafa ilaallu jalqaba gaariidha,'' jedhan. Biyyaa fi uummata waliin qabna kan jedhan Obbo Qajeelaan, ''garaagarummaa imaammataa qabnu akkuma jirutti ta'ee waliin hojjechuun ni danda'ama,'' yaada jedhuun gaaffii dhaaba Badhaadhinaa irraa dhiyaateef tole jechuus himan. ''Akka biyyaatti wanna dursi kennamuuf qabu jennu irratti waliin hojjechuudhaaf wal-hubannee deemaa jirra.'' Imaammata dhaaba Badhaadhinaa keessatti ''hanqinoonni yoo jiraatan walii akeeknas,'' jechuun waliin hojjechuuf kutannoo jiru ibsaniiru. Pro. Birhaanuun MM Abiy amma dura haala biyyattii keessa jiru ilaalchisuun mootummaa ijaaran keessatti morkattoota hirmaachisuuf waadaa galanii turan kabajaniiru jedhu. Waggoota dhufan muraasa keessatti hojiin guddaan hojjetamuu qabu ''tokkummaa biyyattii cimsuu, rakkoo waraanaa kana tasgabbeessuu, hawaasa gidduu rakkoo wal hubachuu jiru sirreessuufi boodarra ammoo rakkoolee yeroo dheeraa biyyattii kan akka hiyyummaa furuu'' akka ta'e dubbatan hooggansi dhaaba Izeemaa kun. ''Itoophiyaan nagaa ni argatti jedheen amana,'' jechuunis dubbatan. Jijjiiramni MM Abiy gara aangootti fide gara caalu mormii dargaggoofi hirmaannaa dhaabbilee siyaasaa kan isaan hoogganan keessatti argamun akka ta'e himanii, rakkooleen dhaabni ADWUI bara biyya bulchaa ture dalage sirraa'uuf hirmaannaa dhaaba isaanii dabalatee dhaabbilee biroo akka barbaadu himan.
Baroota dheeraa ADWUI biyya bilchaa ture keessatti, ''sirni barnootaa kufee tures'' jedhan Piro. Birhaanuun. Waggoota afran dhufan keessatti wanti akka ta'u yaadan rakkoo siyaasaa biyya kanaaf furmaata gochuu akka ta'es dubbataniiru. Gama ministeera hooggananiin ammoo qulqullina barnootaa wayyeessuu akka ta'e himan. Ministirrii Muummee Abiy Ahimad kaadhimamtoota isaanii miseensota paarlaamaaf wayita dhiyeessan seenaa gaggabaabaa ministiroota haaraa kanaa ibsaniiru. Ministira Barnootaa kan ta'an Piro. Birhaanuu Naggaa Boongar bara 1950 Bishooftuutti dhalatan. Barnoota sadarkaa tokkoffaa Bishooftuu mana Barnootaa Atsee Niblee Dingiliifi Adaamaa Atsee Galaawudiyoos jedhamanitti baratan. Biyya Ameerikaatti State University of New York irraa gosa barnootaa Economics'n digirii jalqabaan eebbifaman. Digirii lammaffaas gosuma barnootaa Economics kan argatan yeroo ta'u, digirii sadaffaas New School for Social Research irraa Economics argataniiru. Piro. Birhaanuun bara 1966 barataa sadarkaa lammaffaa yeroo ta'anii turanitti siyaasa keessatti qooda fudhachuu eegalan. Sababa siyaasaan jalqaba gara Sudaanitti kan baqatanii turan Piro. Birhaanuun, hirmaannaa siyaasaan cinaatti Yunivarsiitilee hedduu keessatti barsiisummaa fi qorannoon tajaajilaa turan. Bara 1994 Ameerikaa irraa biyyattii kan deebi'an Pro. Birhaanuun, Paartii 'Qinijjit la Andinnatinnaa Dimookraasii' jedhu ijaaranii turan. ALI bara 1997 filannoo biyyaalessaa gaggeeffamee ture irratti dhaabni isaanii sagalee hedduu injifachuu kan danda'ee ture ta'uus muddama san hordofee mormii siyaasaa dhalateen biyyaa baqatanii bahaniiru. Sana boodas dhaaba siyaasaa haaraa Ginboot 7 jedhamu ijaaraniiru, achiis Arbanyooch Ginboot 7 dhaaba jedhame hoogganaa turan. Ministirri Muummee Abiy Obbo Qajeelaa Mardaasaa muudamaaf yoo dhiyeessan, nama siyaasaa Wallagga Lixaa aanaa Qilxu Kaarratti dhalataniifi maatii qaban akka ta'an ibsaniiru.
Ministirri Muummee Abiy Obbo Qajeelaa Mardaasaa muudamaaf yoo dhiyeessan, nama siyaasaa Wallagga Lixaa aanaa Qilxu Kaarratti dhalataniifi maatii qaban akka ta'an ibsaniiru. Barnoota seenaatiin digirii jalqabaa akka qabaniifi dhaaba ABO keessatti sadarkaalee hooggansaa adda addaarratti nama hirmaachaa turan ta'uus himan. Obbo Qajeelaan baroota dheeraa qabsoo ABO keessatti kan dabarsan yeroo ta'u, waggaa sadiin dura waamicha mootummaan Itoophiyaa dhaabbilee siyaasa biyyaa biyyaa ala jiraniifi qawween qabsaa'aniif godhan hordofee jila ABO Eertiraa irraa biyyatti deebi'an keessaati. Ministira Teknoolojiifi Innooveeshinii ta'uun kan muudaman Obbo Ballaxa Mollaa Getaahuun kan dhalatan Kaaba Wallootti. Gosa barnootaa falaasamaan digirii jalqabaa kan qaban, digirii lammaaffaa ammoo falaasamaafi 'Applied Ethics' kan qaban ta'uun ibsameera. Yunivarsiitii Finfinnee keessatti barsiisaa falaasamaa kan ta'an Obbo Ballaxan, waggoota muraasa dura dhaaba ABIN jedhamu hundeessuu fi hoogganuun ifatti dirree siyaasaa Itoophiyaa keessatti kallattiin hirmaachuu eegalan.
Ibsaa Guutamaa walaloo isaanii 'Itoophiyaawii maannew?' jedhu bara Hayilasillaasee barreessanirratti maal jedhan? Yeroo mootummaa cehumsaatti Ministira Barnootaa ta'uudhaan kan tajaajilan Obbo Ibsaa Guutamaa turtii BBC'n akkaataa Jalqabbii barnoota Afaan Oromoofi dhimmoota hedduu biroorratti taasise kunooti. Obbo Ibsaa: Hawaasni Oromoo gulantaalee sirna Gadaatiin bakka garagaraatti qoodama. Waggaa saddeet saddeetin qoqqoodama. Gulantaa walfakkaataa wagga saddeetii keessa kan jiru Hiriyaa jedhama. Hiriyaan yeroo olsiqaa deemu inni gara oliimmoo bakka gadhiisaafii deemuu qaba. Akkasitti deemeetu hanga Lubaatti gaha. Yeroo kana Lubni bakka gadhiiseefii bahaa deema jechuudha. Yoo akkanatti waljalaa siqaa deeme malee inni gara gadii jiru ukkaamamee, walnyaatee akka volkaanoo gaaf tokko yoo dhoohe hundumtuu ni bada. Kanaafuu nuti warri Dhaloota Fidalaan baranne Dhaloota Qubeetiif bakka gadhiisaa deemuu qabna. Nuuf yeroon kuni yeroo itti gorsa kenninu yookin aara galfannudha. Kanaafuu warri lafaa dhufu bakka qabachuu qabuun jedha. Amma aadaa keenyaan deemaa hin jirru. Akka alagaan nuuf kaa'etti ijaaramnee deemaa jirra. Kanaaf bakka waliigadhisuun kuni kan hin baratamneef. Haalli kuni geeddaramee bakka walii gadhiisuun dirqama taha. Obbo Ibsaa: Ministeera barnootaa ta'uun wagga tokkoofin tajaajile. Turtii waggaa tokkoo kanatti bara itti aanutti manneen barnootaa naannoo Oromiyaa keessa jiran hundi barnoota Afaan Oromootiin akka barsiisan kitaabota qopheessaa turre. Ji'oota afur hin caalle keessatti qopheesinee xumurre. Pirojektii kanaaf beektonni Oromoo hundi birmataniiru. Keessumaa barsiisonni hojii kooti jedhanii halkaniifi guyyaa hojjetaniiti saffisaan kan qophaa'e. Utuu mootummaan hin jigiinis hojii kana galmaan geenye.
Kitaabolee qopheessuu, maxxansuu, rabsuun manneen barnoota kennuun jalqabame. Afaan Oromootiin barsiisuun osoo yeroo sana quuqamaan hin jalqabamne tahee sadarkaa kanarra hin gahu ture. Yeroo cehumsaa sanatti qaamni hundi xiyyeefannaansaa siyaasa kan biraa waan tureef nuti yeroo hojii kana saffisaan hojjennee xumurru haala mijataa arganne. Osoo yeroo sana qalbiin namaa siyaasa dhiisee gara kenya ilaalee danqaa guddaatu uumama ture. Afaan Oromootiin barnoonni akka jalqabuuf yerootu kenne. Yeroo sanatti osoo hin fayyadamnee rakkisaa taha ture. Obbo Ibsaa: Yeroo ABO'n mootummaa cehumsaa keessaa bahe ani walgahii UNESCO tokko irratti hirmaachuufin biyya alaan ture. Osoon achi jiruuyi kan 'mootummaa cehumsaa keessaa baaneerra, ofii keetii murteessi waan gootu, deebi'uufi achitti hafuu' kan jedhu naaf dhaaman. Akka yeros natti himanitti Mallas Zeenaawwiin Obbo Diimaafi Obbo Leencoo waameetu 'ani eegumsa isiniif gochuu hin danda'u, biyyaa bahaa' jedheen. Yeroosuma viizaa biyya adda addaa xumurameefii ABO biyyaa baasan. Anis ergan kana dhagaheen booda lamuu hidhamuu waan hin barbaanneef achuma biyya alaattin hafe. Hanga ammaa kunoo wagga 26 oliif biyyuma alaatin ture. Obbo Ibsaa: Yeroo Hayilasillaasee nuti ijoollee turre. Warraaqsa dargaggoota addunyaa keessa jirra. Yeroo ilaallu naannoo keenyatti cunqursaatu baayyata, sabni tokko saba kan biraarratti tuulamee, inni kaan tuffatamee jira. Kanaafin 'Itoophiyaa, Itoophiyaawii…' jechaatii deemuun garuu sabni kaan kan akka Oromoo, Aanyuwaak fi kan biroo dhuguma Itoophiyaadhaayii? Kan jedhu gaaffii kaasuufin barreesse. Gaaffii kanaafis deebiin argamuutu irra jira kan jedhudha kaayyoonsaa. Obbo Ibsa: Ani ofii kootiif yeroo sanayyuu deebii isaa nan beeka.
Itoophiyaawiin eenyu akka ta'e yerosuu deebii argadheera. Garuu hamma yoonaatti namni gaaffii sanaaf deebii kenne hin jiru. Obbo Ibsaa: Wanti amma mul'atu nama gaddisiisa. Nuti kan dhufne nagaadhaan qabsaa'uuf. Mootummaan olaantummaa seeraa kabachiisna, cehumsa kanaan gara dimokiraasitti baana jedheeti. Kuni waan guddaa biyya kana keessatti jedhamee hin beeknedha. Dhuguma olaantummaa seeraatu kabajama taanaanimmoo akka barbaannetti uummata gurmeessinee, mirgaafi dirqamasaa barsiifnee sodaafi doorsisa malee hojjechuu dandeenya jechuudha. Amma yeroo nuti gara Oromiyaa dhufnummoo rakkinatu jira. Maaliif akka rakkoon kuni uumame, eenyuufi eenyu gidduutti akka ta'eyyuu waanuma odeefamurraa kan hafe hin beeku. Dhugaan jiru garuu uummati keenya kallattii garagaraa jiru buqqa'aa, du'aa fi rakkoof saaxilamaa jiraachuudha.Nageenyi bu'uu qaba. Nageenyi cehumsa kana milkeessuuf durfannoo jalqabaa waan ta'eef. Obbo Ibsaa: Ani ABO dha. Jireenyikoos, hamma dhumaattis ABO dha. ABO'n meeqas haa tahu, abbaan barbaades ciratee haa fudhatu, ABO'n tokkichuma mataakoo keessa kan jiru. Isa lafa jiru miti. Inni lafa jiru baayyeedha. Kunis sunis kankooti jedhee kan maqaa itti mogaafate baayyeedha. Garuu, ABO'n salphaa miti Oromoodhaaf. Ijoollee baayyee itti wareege, waggoota shantamman darban wareega guddaatu bahe. Beektota keenya meeqa dhabne, jaallan koo warran beeku meeqatu dhume? Ana malee kan hafe jirayyuu natti hin fakkaatu. Kana kana yeroo ilaaltu ABO ebeluu, jettee waan asiifii achi qabdu miti. ABO'n Ayyaana Oromoo keessaa tokko jedheen fudhadha ani. Namni sababa ABO tiin hin tuqamne tokkollee hin jiru, qe'een maqaa ABO tiif hin miidhamne tokkollee hin jiru.
Obbo Ibsaa: Oromoon saba guddadha. Mootummaan kuni kan magaala guddoosaa qabu Oromiyaa keessaayi kanaaf Oromoon bu'aasaa argachuu qaba. Magaalasaa keessa ta'ee afaan isaatiin hin dubbatamu taanaan rakkisaadha. Afaan Oromoo afaan Federaalaa ta'uu dhabuusaatiin ijoolleen Oromoo hojii Federaalaa hin argattu. Waan baayyee keessatti warra kaan waliin walqixxee hin hirmaatan jechuudha. Madaallii kamiinuu yoo ilaalames afaan kamiiniyyuu gadi miti Afaan Oromoo. Maaliif biyyasaa keessatti afaan Federaalaa hin taane kan jedhu sammuu Oromoota hundaa keessa jira. Kanaafuu afaan Federaalaa ta'uu qabaadha malee halduree waan jedhamu homaa hin barbaachisu. Obbo Ibsaa: Yeroo sana dhaabbonni biyya keessa jiraniifi ABO'n Paarisitti walgahiitu ture. Walgahii kanarratti murtee tokkorra geenyee turre. Murteen kunis konfiransii guddaa biyyatti gallee qopheessina kan jedhudha. Dhaabbileen hunduu, Wayyaanee dabalatee kanumarratti waliigallee gara biyyaatti deebine. Dhaaba ABO dura bu'ee kan dhufe ana ture. Biyya dhufee gara mana kiyyaan deeme. Mana kiyyatti loltoonni hedduun dhufanii na fuudhanii deemuun mana hidhaa nagalchan. Torbee sadiif erga na hidhanii booda na gadhiisan. Walgahii sana dhaabni keenya hin fudhannu waan jedheefin hidhaadhaa baanan bakka hayyu duroonni keenya jiran Landan deeme. Obbo Ibsaa: Obbo Leencoon yeros waan isa tuqe hin beeku. Ani yakkaanin hidhame. Biyyattiitti waayi balleeseera jedhameetin hidhame. Yakkarrattimmoo nama bakka hin buutu, yoon ani yakka hojjedhe anumatu itti gaafatama jechuudha. Isaan dhufuu isaanii karaarra yeroo gahan dhageenye. Jaala keenya tokkotu akka dhufaa jiru natti hime. Akkamittiin akkas taha jedheen ofgaafadhe? Obbo Leencoonis kana wallaalanii miti waatu tuqe jedheetuman yaade ani. Obbo Leencoonuu yeros waatu na tuqe jechaa ture. Jarri namaaf hin hiltu, xayyaararraa buustee nama keenya guddaa kana fiddee mana hidhaa buuste.
Jarri namaaf hin hiltu, xayyaararraa buustee nama keenya guddaa kana fiddee mana hidhaa buuste. Jarri nama xinnaafi guddaa kan jedhu hin beektu. Dhufnaan buufata xiyyaaraatii fidanii mana hidhaa na biratti dabalame jechuudha. Obbo Ibsaa: Homaa waan fayyade hin qabu ni balleesse malee. Waan baayyeetu bade dhufaatii isaaniitiin. Yeroo sana ani hidhamuukootti nama baay'eetu ka'ee ture. Mana murtii yeroon jalqaba dhaqe, guutuunsaa nama keenya duwwaadha ture. Kanaaf yeroo itti warraaqsa guddaa itti uumuun dandahamu ture. Obbo Leencoon dhufnaan dubbiin dhume. Hoggannii kee dhufee harka kennatee jennaan maaltu haferee? Homtuu hin hafne. Obbo Ibsaa: Duraan 'website' tokkon qaba isarrattin waan sammuu koo keessa jiru yaada garagaraa barreessaan ture. Ammammoo erga 'facebook' dhufee achirraa odeefannoo nan argadha, ofiikoofis yaada mataa kiyyaa yeroo tokko tokko nan barreessa. Obbo Ibsaa: Hanga ammaa kitaabota hanga afurii barresseera. Ammaan boodas dhimmoota yeroon mana hidhaa turee kan afaan Ingiliffaan barreesse gara Afaan Oromootti hiikaan jira. Mata dureewwan adda addaa irratti barreessufis yaadan qaba. kanuma kana jechaan itti fufa.
Haleellaa Wallagga Bahaatti hidhattootaan raawwate jedhameen poolisoonni hedduu madaa’un himame Godina Wallagga Bahaa Aanaa Saasiggaatti haleellaa hidhattoonni raawwataniin miseensonni poolisii 44 yoo madaa'an, hidhamtoonni miliqfaman. BBC'n jiraattota akkasumas maddeen hospitaalaa irraa akka odeeffateetti haleellaan kuni dheengadda gaafa Kibxataa raawwate. Kanneen miidhaman keessaa gara caalu miidhaa salphaatu irra gahe. Jaha kan ta'anif wal'aansi baqaqsanii yaalu yoo taasifamu kaan wal'aansa dabalataaf gara Finfinneetti ergamuu Hospitaala Rifaraalaa Yunivarsiitii Wallaggaarraa odeeffanneerra. Haleellaa kanaan poolisoonni ajjeefaman jiraachuun hin beekamne. Waraanni Bilisummaa Oromoo kan mootummaan Shanee jechuun waamu haleellaa kana raawwachuu himus, qaamni mootummaa hanga yoonaa dhimmicha ifatti mirkaneesse hin jiru. Dubbii Himaan Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Getaachoo Baalchaa ''Hin beeku! Odeeffannooma isaa hin qabu ani'' jechuun gaafa Kamisaa BBC'tti himaniiru. Haleellaa yeroo garaagaraatti humnoota nageenyaarratti raawwatu qondaaltonni ifatti yoo himan hin mul'atu. Baati Caamsaa darbe garuu Abbaan Alangee Federaalaa A.L.I Fulbaanaa hanga Caamsaa 2013tti baatiiwwan sagal keessatti miseensonni poolisii 112 fi milishoonni 57 akkasumas qondaaltonni mootummaa 18 ajjeefamuu ibseera. Ergasii asiis yeroo adda addaatti ajjeechaan raawwataa ture. Torbanuma lama dura achuma godina Wallagga Bahaa Aanaa Kiiramuutti walitti bu'iinsa raawwateen lammiileen nagaa 200 ol ajjeefamuufi kaan baqachuu Komishiniin Mirga Namoomaa ibsee ture. Jiraataan Aanaa Saasiggaa magaalaa Gaalloo maqaan isaanii akka hin eeramne gaafatan Kibxata Hagayya 31, 2021 ganama naannoo sa'aa 3:30'tti aanicha magaala Gaalloo keessatti dhukaasni eegalamuu himu.
Dhukaasni iddoowwan magaalattii garaagaraatii dhagahamaa akka tureefi hanga naannoo sa'aa jahaatti itti fufuu dubbatan. Dhukaasni kun humnootii nageenyaa mootummaafi miseensoota Waraana Bilisummaa Oromoo kan dhihoo finciltoota Tigraay waliin walta'umsa uuman gidduu ta'u jiraataan kun himu. Paarlaamaan Itoophiyaa gareewwan lamaan galmee shororkeessummaatti galchuun ni beekama. Dhukaasa Waajjira Poolisii aanaa Saasigga irratti banamee kanaan hidhamtootni akka hiikaman taasifamuu dubbatu jiraataan kuni. ''Warri hiikaman namootni jaha ta'an baqatanii iddoo hojiikoo seenan. Mana banamaa argatanii ol itti seenan. Warri kaan karaa gama biraa bahan. Sana booda ani iddoo hojiikoo cufeen sokke," jedhan. Dubbi himaan idil-addunyaa Waraana Bilisummaa Oromoo /WBO/ Odaa Tarbii hidhattoonni isaanii Hagayya 31,2021 ganama Waajjira Poolisii Aanaa Saasiggaa irratti haleellaa raawwachuu toora miidiyaa hawaasaa 'Twitter' irratti barreessaniiru. Haleellaa kanaanis ''hidhamtootni siyaasaa 100 ol akka gadhiifaman'' taasifamuu himu. BBC'n dhimma kana qaamolee mootummaa yookin qaama walabaa biroorraa mirkaneeffachuu hin dandeenye. Guyyaa Roobii waaree booda naannoo 9:30 eegalee miseensonni poolisii lakkoofsaan 44 ta'an miidhaan qaamaa cimaafi salphaa irratti qaqqabee yaaliif Hospitaala Rifaraalaa Yunivarsiitii Wallaggaa seenuu BBCn hospitaalicharraa mirkaneeffateera. Hojjetaan hospitaalichaa dhimmicha itti dhiheenyaan beekan miidhamtootni kun "naannoo Saasiggaatii dhufaa jiru jedhamnee qophoofnee eegaa turre" jedhan. Dabalataan "akka isaan nutti himanitti rasaasaan akka rukkutamanidha. Raajii irratti kan mul'atus rasaasaan akka rukkutamanidha. ''Keessaa bahee kan argames jira" jechuun miseensootni poolisii kunneen rasaasaan rukkutamanii miidhamuu isaanii hojjetaan hospitaalicha kun BBC'tti himaniiru.
''Keessaa bahee kan argames jira" jechuun miseensootni poolisii kunneen rasaasaan rukkutamanii miidhamuu isaanii hojjetaan hospitaalicha kun BBC'tti himaniiru. Miseensootni poolisii jaha miidhaan qaamaa cimaa irratti qaqqabe wal'aansi baqaqsanii yaaluu kan taasifameef yemmuu ta'u kan biroo saddeet immoo wal'aansa baqaqsanii yaaluuf qophiirra akka jiran himaniiru. Dabalataan "hanqina hospitaala keessa jirurraa kan ka'e namootni jaha immoo gara magaala Finfinneetti riifar ergamaniiru" jedhan hojjetaan kuni.
Eebbisaa Addunyaa waggoota 25 booda yoo yaadatamu Seenaa qabsoo Oromoo keessatti qooda guddaa kan qabu weellisaa Eebbisaa Addunyaa, Hagayya 30, bara 1996 wareegame. Sirboota qabsoo Ummata Oromoo daranuu jabeessan hedduu gumaacheera Eebbisaan. Kana malees sirboota aadaa, kan jaalalaa fi geerarsaanis ni beekama jedhu hiriyoonni isaa. Seenaan Eebbisaa kan hanga ammaatti hin dubbatamneef ga'ee inni Afaan Oromoo guddisuu keessatti gumaacheedha. Ogummaa gitaaraa, walaloowwan jajjaboo hamilee ummataa cimsanii fi dhuunfaadhaanis qabsoo keessatti nama qooda fudhateedha Eebbisaan. Qabsoo Oromoo keessatti aarsaa barbaachisu kaffaluuf kutataa akka ture yerosumayyuu argaa turre jedhu aartistoonni Oromoo isa beekan Bara 1962 gara dhumaarra dhalatee, umuriinsaa barnootaaf wayita ga'u mana barumsaa sadarkaa tokkoffaa Oliiqaa Dingil seene kan jedhan harmeen Eebbisaa Addunyaa Aadde Sanaayyit Kabbadda Gosaa, Sadarkaa 2ffaa ammoo Qellemitti barate jedhan. ''Maatirikii fudhatee utuu qabxii eeggataa jiruu Fulbaana keessa warri keenyaa ABOn dhufanii jennaan isaanumatti makame.'' jedhan. Lixa Oromiyaa magaalaa Dambi Doolloo keessatti dhalatee umurii ijoollummaasaa qabsoo Oromootti dabarse kan jedhan Aadde Sannaayit, keessumaa qubee afaan oromoo barsiisuurratti magaalaa Danbi Doollootii haga Asoosaatti demee hojjeteera jedhan. Boodas gara magaalaa Finfinnee deemee sirboota qabsoo Oromoof hundee ta'an hedduu utuma shaakaluu gara Booranaatti ramadamee ture jedhu. Booranatti erga ergamasaa ba'ee booda Finfinneetti deebi'ee hiriyootasaa waliin utuu sirboota qabsoo hojjetanii , wayita haalli rakkisaa ture sana keessatti lubbuusaa dhabe, wayita sanallee an duubatti hin jedhu naan jedhaa ture jedhan. Hacuuccaa ummata Oromoorra ga'aa tureef onnee guutuudhaan qabsaa'aa ture kan jedhan Aadde Sannaayit, erganni isaan biraa deemeellee itti deddeebi'anii of biratti deebisuuf yaalanillee inni garuu kaayyoosaarraa duubatti deebi'uu hin barbaanne jedhan.
Gama tokkoon seenaa fi afaan Oromoo guddisuu, gama biraan ammoo qabsoo diddaa gabrummaa keessatti qooda fudhachaa ture, boodarra muuziqaaf jireenyasaa kennee utuu hojjetuu du'e jedhu. ''Booddee koottis garagalee hin ilaaluu, kanatu ta'e, sanatu ta'e hin jedhu, an seenaa hojjechuurraa booda hin deebi'u naan jedhe. Garaa na kute. Akkas godhanii lafa kaa'an mucaa koo. '' ''Amma kunoo waggaa 21 fixeera, bara 1988, Hagayya guyyaa 24 ajjeefamee, gaafa 27 dhufee na biratti awwaalame. Gumaa gootaa gootatu baasa, gumaan mucaa kootii hin hafu, waaqayyo yeroo eegee gumaa ni baasa,'' jechuun ammallee eelaa qaban dubbatu Aadde Sannaayit. Eebbisaa fuudhee dhala hin godhanne, garuu qabsoon Oromoo wayita firii godhachaa deemuu keessattan mucaa koo ilaala jedhan Harmeen Eebbisaa Addunyaa aadde Sannaayit. ''Seenaasaa qaba malee mucaan koo dhalas hin qabu, maallaqas keewwatee hin qabu, hammanumammoo seenaansaa olba'uusaatiif, qabsoonsaa ija godhachuusaatti baayyeen itti boona.'' Bara 1991 fi 92 keessa itti dhiyeenyaan kan beekan wallistoota Oromoo gameeyyii kanneen akka Hirphaa Gaanfuree Burqaa, Daawwitee Makonnin, Tottoobaa Taaddasee Margoo, Tseggaayee Dandanaafaa Eebbisaa Addunyaa akkamiin akka beekan gaafanneera Ummata Oromoo biratti iddoo guddaa kan qabu Wallisaa Tseggaayee Dandanaa Eebbisaa Addunyaa gara baandiitti seenee muziqaa kaassettaan baasuusaan duratti dandeettii gitaaraa qabuun sirboota qabsoo fi aadaatiin waraana bashannansiisaa ture jedha, kaaseta irratti du'ee ammoo Baandii Bilisummaa keessatti hojjete jedhe, akkaataan du'asaa baayyee nama gaddisiisa jedha Tsegaayeen. Eebbisaa Adunyaa waliin bara 1991 waajjira ABOtti akka walbeekan kan dubbatu Tsaggaayeen akkaataa Eebbisaan ittiin du'e waan itti dhiyeenyaan beeku nutti himeera.
''Eebbisaa Addunyaa lubbuunsaa yoggaa darbus magaaluma Finfinnee jirra. Biqilaa Guyyootaa waliin mana tokko jiraatu turan, naannoo Shiroo meedaa. Guyyaa tokko keessummaa wayiitu itti dhufe. Manni dhiphaa waan ta'eef Biqilaan hiriyaasaa bira bule. Namni Eebbisaa bira dhufe kun qabsaa'aadha, ajajaa waraana Adda Bilisummaa Oromooti. Namni kun yeroo baayyee hidhamee, ,mana hidhaatiis miliqee nama bahaa tureedha. Gaafa Eebbisaan du'e sana nama kana barbaacha dhufan warri tika mootummaa. Wayita jarri olseenan, Eebbisaa fi keessummaansaa kun rifeensi mataasaanii dhedheeraadha, walfakkaata. Jalqaba Eebbisaa rasaasaan rukutanii madeessan, isa booda keessummaa Eebbisaa ajjeesan. Gaafa sana nama saditu mooraa Eebbisaafaan keessa jiraatanitti du'e. Isaanis mucayyoo jalqaba balbala mooraa bante, Eebbisaa fi Keessummaa Eebbisaa. Haalli Eebbisaan itti du'emmoo baayyee nama gaddisiisa. Haala suukanneessaadhaan Naannoo Ashawaa meedaa bakka ''Taataq'' jedhamu fulaa mooraa waraanaa turetti geessanii ajjeesanii wareebessaaf kennan. Qonnaan bultoota naannootu reeffa waraabessarkaa baasan.'' jedha Tsaggaayeen. Wallisaa Hirphaa Gaanfuree Burqaa Eebbisaa nama nagaa biraa bosona seenee, dhabuusaatti akka gadde dubbateera. ''Eebbisaa nama nagaa biraan deeme. Yeroon bosona seenuuf ka'e waliin seenuuf mari'annee turre. Garuu akkuma carraa adda baane. Deebi'een dhabe hiriyaakoo, sagalee bilisummaa Oromoorraan dhagaye du'asaa. Nama baayyee jabaa ture, onneedhaanis dandeettii muuziqaatiinis goota ture. Wallee isaa keessaa kan hin jaallatamne hin jiru. Anaafis sirba tokko naaf gumaacheera. Sirba Booranaa 'Waa xiqqoo bashaadduu' jedhu isatu gitaaraan na shaakalsiisaa ture.
Walaloos hamma tokko isatu barreesse. Biqilaa Guyyootaa waliin barreessan.'' jedhe hirphaan. Hiriyoota guyyaa mara waliin oolan ta'uu kan dubbatu Daawwitee makonnin hangan Eebbisaa du'aan dhabutti garagara baanee hin beeknu jedha, ergasiis sirba tokko yaadannoof sirbeeraaf jedha. ''Eebbisaa Addunyaa akka qabsaa'aattin beeka. Muuziqaas baayyee jaallata. Eebbisaan Gitaara qaba.Gitaaraasaatiin hojjenna. Yeroo hunda walargina Eebbisaa wajjin. Anii fi Tottoobaan Gitaara Eebbisaarraa ergifannee qophii cidhaafaarratti ittiin wallisnee deebisnaaf,'' jedha Daawwiteen. ''Torban Eebbisaan du'e sana uni keessaa namni tokkoyyuu maallaqa hin qabu ture. Kanaafuu Eebbisaan maallaqi wayii biyya alaatii waan naaf ergameef isininan affeera jedhee sanabatatti nu beellame. Akkasitti gargar gallee, guyyaa beellamaa sana garuu Eebbisaan du'uusaa dhageenye. Edaa inni guyyaa Kamisaa, akkas, du'e jechuu dhageenye,'' jechuun yaadannoo gaddaan guutame nutti himeera Daawwiteen. ''Reeffasaa Hospitaalatti ilaaluuf wayita deemnu namoonni keenya iddoo sanaa akka deemnu nutti himan. Haalli naannoo ture sodaachisaa waan tureef, isinis isin ajjeesu jedhanii achii nu deemsisan. Sirriimattillee utuu reeffasaa hin argin gargar baane. Reeffasaas biyyumatti ergan,'' jechuun dubbata Daawwiteen. Wayita sana kaaseta maqaan 'An dhufeen jiraa' jedhamuun beekamu hojjechaa jiraachuu kan dubbatu Daawwiteen erga albamasaa xumuree sirba tokko keessaa baasee sirba ittiin Eebbisaa yaadatu keessa buusuusaa dubbata. ''Garuu maalan godha utuun sirbuun boo'aa, Eebbisaa Yaadatee keessi koo boba'aa,'' jechuun sirbe. Hiriyaan Eebbisaa Addunyaa kan Biraan mana tokko keessa waliin Bulaa turan Tottoobaa Taaddasee Margoo waa'ee eebbisaa dubbateera.
''Bara Afaan Oromoo dubbachuun rakkoo turetti Addi Bilisummaa Oromoo qubee barsiisuun ija nu banachiisanii turan. Warra kana godhe keessaa Eebbisaan tokko. Ga'ee inni Afaan Oromoo guddisuu, qubee Faan Oromoo barsiisuu keessatti qabu namni hin beeku. Wallisummaasaa qofa beeka namni.'' ''Eebbisaan jalqaba dabballummaadhaan gara Booranaatti bobba'e. Achitti rakkina meeqa argee, isa booda dhufee waajjira ABOtti nutti makame. Erga Chaartariin diigamee, Hirphaa fi Eebbisaa waliin taane dhaabatti dabalamuuf wayita deemaa turretti, lixa Oromiyaa magaalaa Caanqaatti qabamnee hidhamne.'' kan jedhu Tottoobaan achii booda Baandii Gadaa hundeessine. Eebbisaanis nu waliin ture. Walalon sirbootasaa yoo ilaalamu ofkennee, waanuma wareegamu fakkaata jechuun cimina Eebbisaa ibsa. Gidduu ajjeefamuuf jedhu sana torban lama dura akka hordofamaa jiru nutti himaa ture. Isa dhumaa kan nuti walargine akka iftaanummaasaa isa ajjeefamuuf jedhu mana koo bule. Akka iftaanumtiisaatti akka nu affeeru nutti hime, guyyaa sana cidha wayiitu ture, Eebbisaanis cidha sanarratti hin argamin hafe.Isa booda qophiima sanarratti oduun gaddaa nu qaqqabe, Eebbisaan ajjeefamuusaa.'' Wayita achi deeman iddoo sana harkisanii fuudhanii deemanii gataniiru nuun jedhan. Yeroo boodammoo Hospitaala Minilikitti argameera jedhan jechuun haala suukanneessaa Eebbisaan itti du'e ibsa Tottoobaan. Geerarsaan ergaa dabarfachuu, qabsoo jajjabeessuu fi ummata mirgasaaf akka falmatu kakaasuu keessatti ga'een Eebbisaa yoomuu hin dagatamu kan jedhu Hirphaan, keessumaa walaloo geerarsa isaa ''Utuu funyoon hin jirree, funyoo dheeraan hin jirree, maaltu muka yaabbataa, damma nyaachuuf abdataa; Utuu seenaan hin jirree yoona maaltu of yaadataa, eenyummaasaan dhaadataa; Adaraa yaa Oromoo koree koree dhaabbadhaa galmeen seenaa qoradhaa; Namni seenaasaa hin beekne bishaan gabateerraati gara argetti jallataa'' ergaa jabaa qabdi jedha.
''Sirbisaa kan diina baayyee cabseedha. Yeroo sana dabballees wallistootas turree, unidha maccaa fi tuulamas kan jabeessaa ture. Utuma hamma humna keenyaa qabsoofnuu gaafa bayii fi galli keenya yaaddoo keessa galu biyya hambaatti baqanne. Ifaajeen keenyas lafatti hin badne. Firii godhachaa jira.'' kan jedhu Hirphaan Geerarsan ittiin Eebbisaa yaadatu Geerareera. Walaloon kunoo. Baballiin luluucca'ee dalga galee ciciisaa Allaattichi joobiraa samii keessa barrisaa Yaa haadhakoo jabaadhuu Hin boo'in maal abbaasaa Yeroosheet tura malee Dudda keeyyuu nan baasa Abbaabbu hin yaadda'inii Ilmi koo hin du'a jettee. Inni isaan kaaniif roobee nuun karfaffaa'u seetee. Eebbisaan geerarsaasaatiin ''Yaa biyyo nan nyaatinii hammuman bilisummaa ija kiyyaan arguttii'' jedhee garuu hin oollee akka hin taanetti biyyeen nyaatte kan jedha Hirphaan. Kana malees walaloowwan ergaa jajjaboo baatan yeedaloo hamilee namaa kakaasu itti baasuudhaan ''Baddaa Baalee taa'anii Qamadii dhabuun farraa garbuu dhabuun salphinaa, Akkas tattaafatanii garbummaatti hafuun farraa mirga dhabuun salphinaa'' jechuun quuqqaa garaasaa keessa jiru baasee himataa ture jedha hirphaan. Dhumarratti garuu akkanni dhaammate ta'uu didee, bilisummaa hankaakee, irbaata dachee ta'e jechuun gadda keessasaa jiru ibsa Hirphaa Gaanfuree Burqaa. Aartii Oromootiin qabsoo ummata Oromootti anniisaa horuu keessatti dararama dhalli namaa hin argin argine kan jedhu Daawwiteen har'a garuu garuu ifaajeen keenya bu'aansaa argamaa jira jedha. ''Eebbisaan wayita mana koo bule sana kofoo koo gurraacha tokko fuudhee uffatee, kun kanuma kiyya, ofitti hin baasu jedhe, anis uffadhu jedheeniin, akkanaan na biraa deeme.
''Eebbisaan wayita mana koo bule sana kofoo koo gurraacha tokko fuudhee uffatee, kun kanuma kiyya, ofitti hin baasu jedhe, anis uffadhu jedheeniin, akkanaan na biraa deeme. Yeroo sana qomee buburree tokkoo fi surree koo kana uffatee ba'ee, gaafa reeffasaa deemnee ilaallu uffata kanaan jira, yoomuu hin dagadhu.'' jedha Tottoobaan. ''Wanti sammuu kiyya keessaa hin badne, kan harmeen Eebbisaa dubbataniidha. Eebbisaan du'ee naannoo torban lamaa booda harmeensaa yaa'ii maccaa fi tuulamaarratti affeeramanii argamanii turan. Sagalee guddistuu qabatanii 'mucaan koo hin duunee, kaninni du'e lammiisaaf, kaayyoosaatiifii, garuu amma du'eera jedhan deebisanii, sababnisaa utuu mucaa tokkollee godhateera ta'ee isa ilaaleen obsan ture. Amma garuu dhala waan hin qabneef Eebbisaan du'eera jennaan hunduu wayita boowu haasaa dadhabanii addaan kutan.'' jechuun waan yaadatu dubbata Tottoobaan. Artist Eebbisaa Addunyaa nama ija jabeessa, goota daabee lulee, nama gara laafessaa fi dhala namaa hundaaf waan gaarii yaadu fuul duratti waan garaasaa nama ofitti amanumaan dubbatu ture jedhu Hiriyoonni isaa fi maatiin.
Dr Diimaa Noggoo: Adda Bilisummaa Oromoo (ABO) hundeessuu hanga dhuunfaan filannoo dorgomutti Jaarraa walakkaaf ta'u qabsoo keessa kan turan gameessi nama siyaasaa Oromoo Dr Diimaa Noggoo dhimmoota biyyattii humnoota siyaasaa waldhabsiise 'mariin biyyaalessaa' furuu danda'a jechuun BBC'tti himan. Bara dargaggummaa isaanii hundeessaa akkasumas dura taa'aa jalqabaa Adda Bilisummaa Oromoo kan turan hayyuun siyaasaa kun, filannoo jahaffaa Itoophiyaa irratti dhuunfaan dorgomaniiru. Paartileen mormituu keessumaa Oromiyaa keessa socho'an osoo hirmaatanii ''Mana maree keessa taa'anii iyyachuuf, akka paartiittillee mul'achuudhaaf isaan gargaara,'' yaada jedhu qabu. Itoophiyaa keessa dhaabbileen siyaasaa cimaa dhibamuun sirna dimookiraasii ijaaruuf kanneen rakkisoo ta'an keessaa tokkodha jechuun dubbatu. Warri jiran maali? Dhaabi isaan hundeessanoo? Dhimma paartilee siyaasaa Oromoo, qabsoo hidhannoo, rakkoo biyyattii qunnameefi kaan irratti BBC waliin turtii dheeraa taasisaniiru. Itti dhihaadhaa! BBC: Dhimmi Tigraay keessaa sadarkaa biyyaattis ta'e addunyaatti dhimma ijoo dubbii ta'eera. Walxaxaas ta'eera. Rakkoon kuni akkamiin furamuu danda'a? Dr Diimaa: Waggaa dheeraan isaan beeka. Humni TPLF humna marii siyaasaatti amanu miti. Waan nuti jenne fudhatamuu qaba ilaalcha jedhu qabu. Furmaatni gaariin silaa rakkoo siyaasaatif furmaata siyaasaati. Isaan garuu furmaata humnaarratti kan isaan hirkatan. Kan isaan aangoorra bahanis, kan aangoorra turanis humnumaani. Kanarraa kan ka'e humni kuni haasaa nagaatif qophiidhamoo qophii mitiin gaaffii keessa jira. Yeroo dheeraaf aangoorra turani, biyya keessaafi biyya alaatti of ijaaraniiru. Kana kanaan dhiibbaa gara garaa mootummaa irratti godhanii mootummaa kana harka kennisiisuu barbaadu. Kuni ammatti waan danda'amu hin ta'u.
Garuu gara tokkoon nageenya biyyaa tiksuun dirqama mootummaati. Aangoo mootummaa federaalaatifis kennamedha. Isa tiksaa gara kaaniin immoo rakkoo siyaasaa walumaagala biyya keessa jirummoo akkaataa inni karaa nagaatin furamuurratti tarsiimoo baasuun barbaachisaadha. BBC: Dhaabbileen mormituu kana dura 'mariin biyyaalessaa' akka taasifamu gaafataa turan. Mootummaanis filannoo booda nan gaggeessa jedheera. 'Mariin biyyaalessaa' maali? Maal fura? Dr Diimaa: Biyya kana keessatti 'mariin biyyaalessaa' jiraachuu qaba jechuun dhaabbileen garaa garaa sochii taasisaa jiran ni jiru. Kuni maaliifi filannoon fudhatamummaa mootummaati kan inni mirkaneessuu danda'u. Waa'een heera biyyaa, akkamitti haa caaseffammu biyyi kuni kan jedhuufi waan kana fafakkaatu filmaanni hin furu. Kan kana furuu danda'u waliigaltee biyyaati. Qaamonni hawaasaa, ilaalchi siyaasaa biyya kana keessa jiran hundi walgahuun alaabaa akkam haa godhannu, heera akkamii haa tolfannu, Afaan akkam haa ta'u, caasaan federaalizimii akkam haa ta'u kana kanarratti waliigaluu qabu. Waliigaltee hundeerra gahuu qabu. Sana booda heerri barreeffamuu danda'a. Yookiin kan jiru wayyeeffamuu danda'a. Malee filmaanni homaa hin furu, mootummaanis kana qofaa isaa murteessuu hin danda'u. Kanaaf barbaachisa mariin biyyaa. BBC: Paartiilee siyaasaa Oromoofi paartii biyya bulchu gidduu waliin wal dura dhaabbannaa, wal himachuutu jira. Furmaanni maali? Dr Diimaa: Walumaagala paartileen siyaasaa Oromoo jiru jechuun hin danda'amu. Osoo jiraatani of mul'isu. Maqaaf jiru malee hin jirani. Baay'een isaanii maqaadhuma dur ittiin ijaaraman akka alaabaa qabatanii isa ittiin deemu malee keessattuu warri paartilee kana hoogganna jedhan of jalaa caasaa bal'aa, ummata keessa diriiree miseensa bal'aa qabu hin qaban. Rakkoon biyya keenyaa waligalaa dadhabina paartilee siyaasaati.
Sirna dimookiraasii ijaaruudhaaf utubaan dhaabbattoota mootummaa walaba ta'an akkasumas, paartileen siyaasaa ciccimoon ummata bal'aa hiriirsanii socho'uu danda'an jiraachuudha Kanaaf paartileen Oromoo kuni of keessa deebi'anii of ilaaluu qabu. Dura sagantaa isaaniirraa ka'uun dargaggoo ol adeemuuf gaaffii isaa deebisuu danda'urratti of hundeessuu danda'uu qabu. Namoonni sababa isaan itti hidhamani ani hin beeku. Namoonni hidhaman baay'ee jiru. Gariin isaanii haala nageenyaan walqabatee, siyaasaafis warri hidhaman jiraachuu ni danda'u. BBC: Wal dura dhaabbannaa dhaabbilee siyaasaa kanaaf furmaanni maaliree? Dr Diimaa: Paartiin biyya bulchuufi mootummaa gidduu daangaan hin jiru. Kanaaf, yeroo garii paartii biyya bulchu jedhu yeroo garii mootummaa jedhu. Paartileen mormituus yeroo himatan kamiin akka himachaa jiran hin beekamu. Waan mootummaa wajjiin jiru mootummaa wajjiin fixachuu, waan paartii biyya bulchu wajjiin jiru paartii biyya bulchu waliin qofaatti fixachuu qabu. Paartiileen mormitoonnis itti gaafatama qabu. BBC: Paartileen immoo mootummaa himatu. Akka nuti hin ijaaramne mootummaatu nuqabe jedhu. Dr Diimaa: Mootummaan koottu na mormi jedhee nama hin ijaaru. Qabsoon yoomiyyuu wareegama qaba. Qabsoon bifa garagaraa wareegama bifa gara garaa qaba. Wareegama sodaatanii immoo qabsoon godha jechuun hin danda'amu. Akkasitti kan mootummaa dura dhaabbachuu danda'an malee mootummaa kadhatanii hin danda'amu. Isaaniis humna agarsiisuu qabani. BBC: Filannoo Biyyaalessaa jahaffaa irratti dhuunfaan Goreetti dorgomtaniittu? Maaliif dhuunfaan dorgomuu feetan? Dr Diimaa: Miseensa paartii kamiyyuu waan hin taaneef, mana maree keessa taa'emmoo yaada qabu ibsuu waanin barbaadef akka dhunfaatti dorgome. BBC: Dhaabi keessan Addi Dimookiraatawaa Oromoo (ADO), ODP waliin tokko ta'e tureemi?
Dr Diimaa: Tokko ta'ee ture. Ani yeroositti dhuunfaadhumaan waan danda'u hojjechuu, gargaaruu, keessattuu karaa beekumsaafi muuxannoo qabuun hojjechuu filadhe. BBC: Isa duraattiin isin deebisa. Paartileen Oromiyaa keessa dhaaba biyya bulchu morkachuu danda'an lama filannoorratti hirmaachuu dhabuun isaanii dadhabina isaaniiti yaada jedhu qabduu? Dr Diimaa: ABO'n rakkoo of danda'e qaba. Gara tokkoon hojii siyaasaa keessatti, gara kaaniin qawweedhaan - kana keessaa tokko filachuu danda'u qaba. KFO'nis hirmaachuudhaaf qophii gahaa qaba natti hin fakkaatu. KFO'n baroota dheeraadhaaf namoonni hidhaa taa'anii filmaata Wayyaanee keessattuu hirmaachaa bahe. Filmaata bara 2015 Baqqalaa Garbaa mana hidhaa taa'eeti hirmaatan. Isa kana keessattimmoo carraayyuu qabu turani. Namuma hamma tokkoowuu osoo filchisiifatanii sagalee ta'uufi danda'u turan. Mana maree keessa taa'anii iyyachuuf, akka paartiittillee mul'achuudhaaf isaan gargaara ture jedheen yaada ani. Dogongora godhaniiru isaaniis. Tarii gama mootummaanis dhiibbaan garaa garaa irratti godhamuun, keessattuu haala nagaa biyya keessa tureen walqabatee walumaagalammoo mormii humna Wayyaanee wajjiin jiru walqabatee namoonni kana keessatti lallaaqatanis jiraachuu danda'u. BBC: Hundeeffama ABO keessa qooda fudhachuu dabalatee waggoota dheeraaf qabsoo keessa turtan. Gaaffiin ganama qabattanii qabsoo itti seentan maali, deebi'eeraa? Dr Diimaa: Gaaffiin hin deebine garuu dhawaataan deebi'a. Wanti deddeebi'e jira. Qabsoonis dheeraadha gaaffiinis yeroo tokkotti hin deebi'u. Ammas qabsoon itti fufee jira. Akeekni jalqaba ittiin kaane ummati Oromoo biyya isaa irratti akka abbaa biyyaa ta'ee mirga guutuu qabaatee jiraachuu danda'udha. Ummata Oromoo aangeessuu ture. Akka lammii lammaffaatti ilaalamaa ture. Aadaan, afaan isaa gadi qabamaa ture.
Kana keessaa bahe eenyummaa ofii gad-dhaabbatee afaan isaas dhimma itti bahee, aadaa isaas dagaagfatee seenaa isaas baratee eenyummaa isaatiin boonee akka jiraatu gochuu ture akeekni jalqabaa. Kunimmoo tokko tokkoon guutamaa deemaa jira jechuudha. Gabaasaalee kanaan walfakkaatan: BBC: Qeeqxonni, bulchiinsi MM Abiy namoota waa'ee Oromoo gaafatan hacuucaa jira jechuun himatu. Akka siyaasa biyyattii itti dhiheenyaan nama hordofutti maali yaadi keessan? Dr Diimaa: Ani baay'eesaa kana quba hin qabu. Yoo akkaataa deemsa biyya kanaa nama tokkotu jijjiira nama tokkotu wayyeessa ta'uu danda'e, siyaasaa dhiisuu barbaachisa. Siyaasaan namni tokko waan ministira muummee ta'ef waan hunda geeddaruu danda'a jechuun hin danda'amu. Ummannoo maal gochaa jira? Mirga isaatiif kan qabsaa'ee mootummaa wayyaanee kuffise ummata Oromooti mitii? Callisee mana galee taa'emoo maalitti jiraadha? Ani nam-tokkee osoo hin ta'in ummata irrattiin amantii qaba. Ummanni mirga isaatiif yoomuu ni qabsaa'a. Waan irraa hir'atees ni guuttata jedheetan yaada. BBC: Namoonni Oromummaafi Itoophiyummaan waldhiiba jedhan jiru. Kaanimmoo faallaa dubbatu. Akka nama qabsoo keessa turetti akkamiin ilaaltu. Dr Diimaa: Wal fudhachuus hin danda'a, waldhiibuus hin danda'a. Akka kanaan dura turetti yoo Itoophiyummaan Oromoo hin dabalu ta'e Oromoo hin dhiiba jechuudha. Garuummoo Oromoon handhuura biyya kanaa keessa jiraata. Wayyaba biyya kanaati. Yoo Oromoon inni ofii isaatiif Itoophiyummaa akka itti ilaalu, Oromummaa irratti kan ijaarame kan ummata biraa haammatu akka ta'utti yoo tolche waan walduukaa deemu ta'uU danda'a. Eenyummaa ummata hundaawu tiksee sanarrattimmoo biyyummaarratti kan wal taanu yoo ta'e hunda hammachuu danda'a.
BBC: Siyaasa Oromoo keessa wal himannaa kana, walitti duulutu baay'ata. Namootumti siyaasaa miidiyaatti bahanii dubbachuu yeroo rakkatan mul'ata. Maal taajjabdan waggoota dheeraa kana keessatti. Dr Diimaa: Ani yeroo dheeraadhaaf miidiyaarratti dhihaachuu yeroon itti jibbe qaba. Amma waanuma amma haasofne kana yeroo isin baastan namoonni eenyummaa isaanii hin beekne nama abaaruufi arrabsu kana kanatu jira. Walumaagala siyaasa Oromoo keessa kanatu jira. Kunimmoo siyaasni Oromoo baay'ee boodatti hafaa ta'uusaa agarsiisa. Namni yoo siyaasaan waldhabe akka lammata walitti haasa'u hin dandenyetti, akka namummaadhaanis waldhabuutti warri fudhatu fa'itu jira. Siyaasaadhaan yaada garaa garummaa qabu jiraachuu ni danda'a. Yaada mo'etu dhumarratti bakka fudhata, aanga'a. Kanaaf yaadaan wal mormuu, yaada kan kootu wayya jechuu malee kan kaanii xiqqeessuu qofaan homaa wanti argamu hin jiru. Aadaa kana keessaa bahee namni aadaa baranaa/baranee (ammayyaawaa) kan namni yaadaan wal falmee waliin jiraachuu danda'u uumuun barbaachisaadha natti fakkaata. BBC: Lixaafi Kibba Oromiyaa bakkeewwan hidhattoonni sosso'anitti rakkoon nageenyaa ammallee ni jira. Maaliif furmaata dhabe? Dr Diimaa: Haalli gariin jalqabarraa dogongorri goggodhame jira. Keessattuu humnoota hidhatan yeroo dirree siyaasaa keessatti akka hirmaatan godhamu waan hidhannoo ilaalchisee gahatti warra keessatti hidhatanii lolaa turan wajjiin marii godhame irratti quubsaatti wanti xumurame dhabamutu rakkina garii Oromiyaa keessatti uume. BBC: Akka nama waggaa dheeraaf qabsoo keessa turetti qabsoon Oromoo sadarkaa maalirra gahe jettu? Dr Diimaa: Amma namoonni bifa garaagaraatin daggala keessaa mirga Oromoof qabsoo goona jedhani maaliif akka qabsoo gochaa jiran gahaatti hubannaa gahaa qabu natti hin fakkaatu.
Qabsoon Oromoo rakkina gurguddaa keessa seene keessumaa erga ABO'n mootummaa ce'umsaa keessaa bahe waggoota soddoma darbe keessatti. Keessattummoo baroota digdamaan darban keessa rakkina gara garaa keessa seene. Kunis gara tokkoon dhaabichi gartuu gara garaatti faffaca'e. Gara kaaniin ammoo humni wayyaanee keessattuu humni tikaa dhaabicha keessa seenee caasaa ABO dhuunfate. [Dhaabichi garuu himannaa kana hin fudhatu.] Gariin beekaniiti garuu irra guddaan isaanii osoo hin beekiini waggoota dheeraadhaaf Oromoo hacuucaa ture wajjiin dhaabbatanii humna amma biyya kana jeequu irratti qooda bahaa kan jiran. Nama gaddisiisa. Kanaaf mootummaan humna kana bifa keessattuu ijoollee dargaggoo kana bifa isaan ittiin jireenya biraatti deebi'anii jiraachuu danda'an, gaaffii ifaa ta'es yoo qabaatan akkaataa itti furamurratti hojjechuun barbaachisaadha jedheen yaada. BBC: Baay'ee galatoomaa. Dr Diimaa: Isinillee ulfaadhaa! Gabaabinaan dhalootni Dr Diimaa yeroo ammaa Godina Iluu Abbaa Booraa jedhamuun beekamudha. Barataa ta'anii qabsoo kan eegalan yoo ta'u kanneen waggoota dheeraa dura Adda Bilisummaa Oromoo (ABO) hundeessan keessaa tokkodha. Umrii dargaggummaa keessa dura taa'aa dhaabichaa jalqabaa ta'uunis tajaajilaniiru. ABO keessa siiviliis, jaarmiyaa waraanaa keessas tajaajilaniiru. Ajajaaa waraanaa dhihaas turan. Qabsoon walqabatee biyyoota Keeniyaafi Somaaliyaatti hidhamanii beeku. Qabsoo hidhannoo booda ALI bara 1983 mootummaa cee'umsaa keessaa ABOn osoo hin bahin yeroo gabaabaaf sadarkaa ministiraan tajaajilaniiru. Boodarra garuu dhaaba ABO keessaa bahuun Obbo leencoo Lataa waliin ta'un bara 2013 kanneen dhaaba Adda Dimookiraatawaa Oromoo (ADO) hundeessan keessaa tokkodha. Dura taa'aa Itti aanaa dhaabichaas turan.
Dura taa'aa Itti aanaa dhaabichaas turan. Qabsoo ummataan bulchiinsi MM Abiy gara aangootti erga bahee booda dhaabbilee siyaasaa waamicha nagaa fudhachuun dursanii biyyatti deebi'an keessaa tokko ADO dha. Dhaabi kunis boodarra ODP waliin tokkoome. Barumsa PhD isaanii Yunivarsiitii Ameerikaa 'Tenessee' irraa kan argatan namni siyaasaa gameessi Dr Diimaan yeroo ammaa rakkoon biyyattii mariin akka furamuf kanneen sosso'an keessaati. Dabalataan, miseensa mana maree gorsitoota diinagdee biyyaalessaa walabaa hundaa'e keessas jiru.
Ajjeechaa Haacaaluu Hundeessaa: Manni Murtii dhimma Laamroot Kamaal irratti murteessuuf beellama biraa qabate Mana Murtii Waliigalaa Federaalaatti dhaddachi oliyyannoo yakkaa lammaffaa dhimma Laamroot Kamaal irratti murtee kennuuf har'atti beellamee ture. Haa ta'u malee manni murtichaa murteen har'atti akka hin qaqqabne himeera. Abbaan Alangaa murtee Manni Murtii Olaana Federaalaa ramaddii Lidataa Laamroot Kamaal bilisaan akka gadhiifamtu murteesse mormuun ture Mana Murtii Waliigalaa Federaalaatti oliyyannoo kan dhiyeeffate. Manni murtichaas dhaddacha kanaan dura tureen garee lamaan erga falmisiiseen booda har'atti murtee kennuuf beellama qabachuunsaa ni yaadatama. Haata'u malee har'atti murteen akka hin qaqqabne kan hime Mana Murtii Waliigalaa Federaalaatti dhaddachi oliyyannoo yakkaa lammaffaa, falmii gareen lamaan taasisan irratti murtee kennuuf Adoolessa 22, 2013ti beellameera. Gama fooddaa televiziyoonaan dhaddacharratti kan hirmaatte Laamrot Kamaal beellamni gabaabaan akka kennamu kan gaafatte yemmuu ta'u, hanga ammaatti "sababa gahaa malee yeroo sadi beellamameera" jechuun dubbatte. Manni Murtichaa gama isaatin beellamni sababa gahaa malee darbe akka hinjirre himuun murtee Adoolessa 22 akka kennu hime. Laamrot Kamaal namoota ajjeechaa Artiist Haacaaluu Hundeessaan walqabatee to'annoo jala oolanfi himatni irratti hundaa'e afur keessaa tokko yemmuu taatu Mana Murtii Olaana Federaalaa bilisaan akka gadhiifamtu murteessunsaa niyaadatama. Maatiin ajjeechaa Art. Haacaaluu Hundeessaa duutiifi wantootni du'a isaan duuba ta'an dhimma siyaasaaf oolaniiru jechuun haqni isaa bahaa jira amantaa jedhu akka hin qabne dubbatu. Mana Murtii Olaanaa Federaalaa ramaddii Lidataatti dhaddachi farra shororkaa fi yakkoota dhimmoota heeraa lammaffaa namootni ajjeechaa Artiist Haacaaluu Hundeessaan himataman sadi "balleessitoota" jechuun Adoolessa 5,2021 jala murtii kennee ture.
Mana Murtii Olaanaa Federaalaa ramaddii Lidataatti dhaddachi farra shororkaa fi yakkoota dhimmoota heeraa lammaffaa namootni ajjeechaa Artiist Haacaaluu Hundeessaan himataman sadi "balleessitoota" jechuun Adoolessa 5,2021 jala murtii kennee ture. Himatamtootni manni murtichaa yakka raawwachusaanii mirkaneesseera jedhe himatamaa tokkoffaa Xilaahun Yaamii, himatamaa lammaffaa Kabbada Gammachuu fi himatamaa sadaffaa Abdii Alamaayyoodha. Manni murtichaa jecha ragaaleen namootaa Abbaan Alangaa dhiyeesse kudhan kennan, ragaalee sanadaa Abbaan Alangaa dhiyeesse, jecha amantaa fi waakkii himatamtootaa akkasumas jecha ragaalee ittisaa himatamtootaa ilaalusaa himeera. Himatamaa tokkoffaa kan ta'efi kallattiin Artiist Haacaaluu Hundeessaa shuguxiin ajjeesuun kan himatame Xilaahun Yaamii yakkicha akka hin raawwanne fi wayita poolisiif jecha kennus reebamaa dirqamaan "ajjeessera" jedhee jecha kennuusaa hime ture.
Haacaaluu Hundeessaa: 'Maal Mallisaa' biyyoota 8 keessatti gabatee gurgurtaa albamootaa dursaa jira Maal Mallisaa mata duree jedhuun Wiixata darbe kan gadi dhiifame albamiin artiist Haacaaluu Hundeessaa biyyoota addunyaa saddeet keessatti gabatee gurgurtaa albamootaa iTunes (iTunes album chart) dursaa jira. Albamiin kun guyyaa kaleessa [Roobii] sadarkaa addunyaatti albamoota itunes irratti hedduu gurguraman keessaa sadarkaa lammataarra kan ture yoo ta'u, guyyaa har'aa [Kamisa] sadarkaa 12ffaarra jira. Haa ta'u malee wayita gabaasni kun qindaa'etti biyyoota saddeet, Ameerikaa, Awustraaliyaa, Kaanadaa, UAE, Noorweey, Siwiidin, Afrikaa Kibbaa fi Keeniyaa keessatti albamoota iTunes irratti hedduu gurguramaa jiran sadarkaa jalqabaarra jira. Gabaatee gurgurtaa albamootaa (Worldwide iTunes Album Chart) kun yeroo yeroon kan haaromfamudha. Albamni kun sirboota 14 kan of keessaa qabu yoo ta'u, sirbootni 4 irra deebiin kan hojjetaman, sirbootni 10 haarawa. Sirbootni kunneen kan artiist Haacaaluu Hundeessaa osoo lubbuun jiruu hojjete yoo ta'an, maatii fi hiriyootni isaa walitti qabuun bifa albamiin qopheessanii, sagantaa yaadannoo ajjeefamuu isaa waggaa tokkoffaarratti eebbisiisan. Artiist Haacaaluu Hundeessaa waggaa tokko dura A.L.I Waxabajjii 22, 2012 galgala sa'a 3:30 irratti Magaalaa Finfinneetti rasaasaan rukutamee ajjeefame. Ajjeechaa isaatiin namoonni afur shakkamuun to'atamanii dhimma isaanii mana murtiitti hordofaa jiru. Hanga yoonaa sababni ajjeechaan irratti raawwate hin beekamu. Albamiin sadaffaa artiist Haacaaluu Hundeessaa dhimmoota gara garaa akka Oromummaa, Siyaasa, Jaalalaa, Gootummaa, Hawaasummaa Maatii, Daa'imman fi kkf kaasa. Sirbi albamichi ittiin waamamu Maal Mallisaa? jedhu, bu'aa bayii qabsoo waggoota 100f uummati Oromoo keessa darbee fi kan amma keessa jiru kaasuun furmaata ykn mala kan gaafatudha.
jedhu, bu'aa bayii qabsoo waggoota 100f uummati Oromoo keessa darbee fi kan amma keessa jiru kaasuun furmaata ykn mala kan gaafatudha. Dargaggoon ykn Qeerroon abdii sabaa akka taa'eefi mirga saba isaaf akka falmus kakaasa. Albama isaa jalqabaa keessatti 'Oolmaan kee' jechuun kan faarse haadha warraa isaa Aadde Faantuu Damissoof wallee 'Haadha Wabii' jedhu gumaacheera. "Guca jireenya kooti ati, haadha dhugaa fi karraa Si'iin naaf sonaa'ee, tole Milkiin kan koo Situ na badhaasee, Wabii jireenyakoo ...Galatoomi! Haadha Wabii!" Wallee isaa 'Ilma Namaa' jedhuun daa'imman haadhaa fi abbaa hin qabne gargaaruun dirqama lammii akka ta'e hubachiisa. Albama kana irratti ogeeyyiin gara garaa hirmaataniiru. Sirboota aalbama haaraa kana keessatti hammataman 14 keessaa sirboota 11 yeedaloos walaloos kan hojjete Haacaaluudha. Kan hafan sadan keessaa ammoo Yoosan Geetaahuun, Lalisaa Idiriis, fi Sinnishaaw Mul'ataa qooda keessaa qabu. Qindeessaa muuziqaa Daawit Taaddasaa walleewwan sagal kan qindeesse yoo ta'u, Dinqiisaa Dabalaa wallee sadi, Abrahaam Kidaanee fi Kaamuzuu Kaasaa walleewwan tokko tokko qindeessaniiru. Ogeessi muuziqaa beekamaan Abagaaz Kibrawarq Shiwoota walleewwan 14 Miiksiingi fi Maastaringii isaa hojjeteera. Albamni kun itunes dabalatee intarneetii irratti karaa adda addaa gurguramaa kan jiru yoo ta'u, biyya keessatti CDn 300,000 maxxanfamee gurguramaa jira.
WBOn lammiilee biyya alaa ugureera jedhus qondaalli mootummaa dhara jedhan Hidhattoonni Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO) kan dhiheenya mootummaan shororkeessummaan farajje lammiilee Afgaanistaan lama aanaa Mana Sibuutti ugguruu beeksise. Qondaalli mootummaa dhimmicha gaafataman ammoo taateen kun raawwachuu haalan. WBO kan mootummaa maqaa 'Shanee' jechuun waamu Oromiyaa keessa socho’u, lammiilee biyya alaa uggureera jedhe kunneen dhaabbata albuuda baasu keessa akka hojjetan ibsa baaseen himeera. BBCn addatti lammiileen kun ugguramuus ta’e bakki itti raawwate aanaa Mana Siibuu ta’uu qaama walabarraa hin mirkaneessine. Bulchaan Godina Wallagga Lixaa Obbo Eliyaas Ummataa, "Afgaanistaanis nu bira hin jiru. Godina keenya sirriitti beekna," jechuun taateen kun raawwachuu ‘hin beeku’ deebii jedhu kennan. Gareen hidhattootaa ajjeechaafi badiiwwan garaa garaatiif mootummaa himatamu kunis baatiin dura paarlaamaan Itoophiyaan galmee shororkeessitootaatti galmeesseera. Himannaan qaamota gara garaatiin garee kanarratti ka'aa ture waakkataa turulleen, lammiilee biyya alaa uguruu ifatti yoo beeksisu kun yeroo lammaffa isaati Kana dura lammiilee Chaayinaa sadii albuuda baasurratti bobba’an jedhe ugguruufi boodarra ammmoo Waldaa Fannoo Diimaa Idil-addunyaatti (ICRC) dabarsuun isaa beekameera. Qondaaltonni mootummaa Naannoo Oromiyaa, kan godinaas ta’e aanaa Mana Sibuu garuu taaten kun raawwachuu yeroo sana haalanii turan. Poolisiin olaanaa Bulchiinsa Naannoo Benishaangul Gumuuz Aanaa Mana Sibuu daangessuus yeroos BBC’n dubbise yaaduma walfakkaataa kennanii ture. Boodarra Waldaan Fannoo Diimaa Idil-addunyaa (ICRC) lammiilee Chaayinaa sadan embaasii Chaayinaatti akka kennaman haala mijeessuu BBC'f mirkaneesse ture. Gareen dhaaba ABO irraa cabuun sosso’uufi WBO jechuun of himu, lammiilee Afgaanistaan dhaabbata ‘Moon Rock Mining & Marble Development PLC’ jedhamuuf hojjetan lama ugguruu hime.
Bakki uggurri itti raawwates Godina Wallagga Lixaa Aanaa Mana Sibuu ta’uu eere. Ibsa baase keessatti maqaa isaanii fi suuraa kan manoota jedhamaniitti jedhes maxxanseera. Ibsa dubbi himaa WBO idil-addunyaati, Odaa Tarbiin fuula tiwitara irratti maxxansaniin, nammoonni to'atamanis ‘‘nagaa qabu’’ jedheera. Haata’u malee, ibsa bahe keessatti gaheen namoota ‘to’ataman’ jedhaman kanneenii maal akka ta’e hin ibsamne. Akkasumas maalummaa dhaabbata albuuda baasu jedhame kanaas odeeffannoo guutuu argachuun hin danda’amne. Bulchaan Godina Wallagga Lixaa, Obbo Eliyaas Ummataa ‘‘odeeffannoo hin qabnu’’ jechuun BBC'f deebii kannan. ‘’Hin qabnu. Oduu akkasii hin hordofnus, hin qabnus [odeeffannoo]'' jedhan. ‘‘Gabaasni sa’aati sa’aatiitti nu qaqqaba. Abbumti fe’e kan post gootu kana fuutanii ofiifis hin dhiphatinaa nuunis hin dhiphisinaa,’’ jechuun gaaffii gaafanneef mufiin deebisan. ‘‘Afgaanistaanis nu bira hin jiru. Godina keenya sirriitti beekna. Lammiin biyya alaa eessa akka jiru sirriitti beekna. ‘‘Gabaasammoo gandarraa aanaatti aanaarraa godinatti sansalata qabna kan itti sa’aatii 24 hordofnu waan ta’ef odeeffannoo akkasii hin qabu,’’ jechuun deebisan. Gareen kun kana durallee lammiilee Chaayinaa yeroo uggure qabeenya uumamaa mancaasaa jiru jechuun himate. Dabalataan, waliigalteen isaan mootummaa waliin qaban akka hin fudhanne ibse. Waggaa baranaa qofa Aanaa Gullisoo, Aanaa Baabboo Gambeel, Aanaa Abee Dongoroofi kaanitti ajjeechaa lammiilee nagaa irratti raawwatef mootummaafi jiraattonni hidhattoota himatu. Haata’u malee, hidhattoonni haleellaa lammiilee nagaa irratti hin raawwannu jechuun waakkatu. Kanaan dura, pirezidantii Yunivarsiitii Dambi Dolloo Dr Dalasaa Bulchaa, qondaaltota mootummaa, abbootii Gadaafi hojjettoota baankii dabalatee butamunsaanii himamauun ni yaatatama.
Kanaan dura, pirezidantii Yunivarsiitii Dambi Dolloo Dr Dalasaa Bulchaa, qondaaltota mootummaa, abbootii Gadaafi hojjettoota baankii dabalatee butamunsaanii himamauun ni yaatatama. Taate kanaaf mootummaan hidhattoota himata. Haata’u malee isaan dhimannaawwan kanneen ifatti amananii hin beekan. Hidhattoonni kunneenis dhiheenya kana keessa haala kana dura hin baramtamneen ajjeechaa osoo hintaane ugguruu ifatti amanaa jiru. Kun akkamiin ta’e jechuun gaazexeessaan BBC qondaala garee kanaa gaafateera ‘’Wanta raawwanne qofa ifatti amanna. Kanaan achi, wanta hin raawwanneen itti gaafatamummaa hin fudhannu. Kun jijjiirama imaammataa miti,’’ jechuun Dubbii Himaan WBO Odaa Tarbii himan.
'Dahoo miidhaa gannaarraa nu hambisu waan hinqabneef dhufaatiin gannaa nu yaaddessa' Oromoonni Walloo qe'eerraa buqqa'an dahoo miidhaa gannaarraa isaan hambisu waan hinqabneef dhufaatiin gannaa baay'ee isaan yaaddessuu dubbattu. Lola naannoo Amaaraa godinoota Shawaa Kaabaa fi Godina addaa saba Oromoo keessa ji'oota lamaan dura mudateen namoonni kumaatamaan lakkaa'aman qe'ee irraa buqqa'aniiru. Iddoowwaan buqqaatiin uummataa jabaan itti mudate keessaa tokko ammoo aanaa Jiillee Dhummuugaati. Bulchaan aanichaa Obbo Jamaal Hasan akka jedhanitti, aanichatti yeroo ammaa namoonni 50,000 tahan dahoowwan qubannaa adda addaatti qubsifamanii jiru. Namoota sababa lola ture sanaan miidhamaii fi ijoollee isaanii shan waliin dahoo qubannaa yeroo keessa kan jiran Aadde Birree Huseen, haala yaaddessaa keessa akka jiran himan. "Lubbuu keenya malee homaa qabannee hin baane. Haadha ijoollee taateemmoo hammam akka ulfaatu yaaduun nama hin rakkisu. Kutaa barnootaa tokko keessa abbaa warraa torba saddeet taanee jiraanna. Dhukkubni adda addaas daa'ima guddooo nujalaa rakkisaa jira," jechuun dubbatan. Haala rakkisaa amma keessa jiran kanaan alatti dhufaatiin waqtii gannaa ammoo caalaatti rakkina keenya hammeessa yaaddoo jedhus qabu. "Amma soomana Ramadaanaa kana akka itti dabarsine nu nama walbira jirrutu arge. Ammammoo Ganni dhufaa jira. Kun hedduu nama yaaddessa. Bakka jirru kanatti gargaarsa gahaa hin qabnu. Yookan qe'ee keenyatti akka deebinu nuuf hin taane," jedhan aadde Birreen. Aanuma kana Ganda Harxummaa Fursee irraa buqqa'uu kan himu jiraataan biraa obbo Mohaammad Muusaa gara caalu gargaarsuma namoota dhuunfaatiin jiraachaa akka jiran hima. "Bakka amma qubanne kanatti kaan mana barumsaa keessa, kaana mana namota dhuunfaa, kaan ammoo gaaddisuma wayii jala qubateeti kan jiru.
"Bakka amma qubanne kanatti kaan mana barumsaa keessa, kaana mana namota dhuunfaa, kaan ammoo gaaddisuma wayii jala qubateeti kan jiru. Karaa mootummaa gargaarsi ji'a lamaan kana keessatti si'a tokko qofa arganne. Sadaquma namoota dhuunfaa fi jiraattotaatiin jirra," jedha. Akka jiraattonni kunneen jedhanitti, iddoo irraa buqqa'anitti deebi'uuf yaaddoo nageenyaa qabatanis, bakka amma qubatanii jiranitti ammoo waqtiin gannaa kun yoo seenu jireenyi daran nutti hammaata jedhanii yaadda'u. Bulchaan aanaa Jiillee Dhummuugaa Obbo Jamaal Hasan gama isaaniitiin, hawaasa kana deebisanii dhaabuun humna aanaa fi Godinaatiin ol waan ta'eef mootummaa naannichaa wajjin mariin jiraachuu eeran. Namoota manni isaanii osoo hin gubatin qe'eerraa buqqa'an gara qe'ee isaaniitti deebisuuf komaandi poostii naannichatti hundaa'e waliin hojjechaa jiraachuus eeran. Buqqaatota kunneen deebisanii dhaabuu dadhabuun rakkoolee dabalataa hedduun akka uumamaniif sababa ta'aa jiraachuus himan. "Buqqaatonni kunneen baay'inaan kan jiran mana barumsaa keessa. Sababa kanaan amma aanaa keenya keessa barnoonni hin eegalle. Manneen barnootaa hedduu isaantu qabatee jira. Kun dhiibbaa guddaa dhalootarratti fida. Mana barumsaa muraasa keessa hinqubannetti jalqabuuf garuu yaalaa jirra," jedhan. Manneen barnootaa sadarkaa 2ffaa aanichi qabu sadi keessaa lama buqqaattotatu keessa qubatee jira. Kun fala addaa kan barbaadudha jedhan Obbo Jamaal. Oromootni Walloo qe'ee isaaniirraa buqqa'an kunneen jireenya idilee isaaniitti akka deebi'aniif Oromoonni biyya keessaa fi alaa waan qabaniin nubira yoo dhaabbatan deebisnee dhaabuu waan dandeenyuuf 'Nu gargaaraa' jechuun waamicha dhiheessan Obbo Jamaal.
Wal'aansa beeylada baqaqsanii yaaluu Booranatti baramaa dhufe Godina Booranaa aanaa Mooyyalee ganda Biqqatiitti gaalli ilmoon garaatti duutee tokko wallaansa baqaqsanii yaaluu taasifameefiin baraaramte. Ogeessi fayyaa Beeyladaa Diid Abbaa-Tanuu gaala guyyaa lama ilmoon garaa keessatti duute kana baqaqsanii wallaanuu saatii dheeraa fudhateen keessaa baasee gaala kana lubbuu oolchuu danda'eera. Ogeessi kun kanaan durallee akkuma kana godina Booranaa aanaa Waacilleetti hoolaa ilmeen mataan garaa keessatti dacha'e yookaan dabe baqaqsanii yaaluudhaan keessaa baasuun haadhaafi ilmeellee baraaruu danda’eera. Kanaan dura baayyee kan baratame dubartiin yeroo ilmoon garaatti miidhamtudha kan wallaansi baqaqsanii yaaluun taasifameefii deessuun akka baraaramtu kan ta'u. Horiif wallaansi akkasii taasifamuun waan baratamaa hin taaneef namuu wallaansa milkaa'aa ogeessi kun taasise 'akkamitti?' jechuun hedduu wal gaafatan. Gaalli sababa ilmoo garaatti duute ofiilleen du'uu malte wallaansa ogummaa taasifameef kanaan fayyuun ishee namoota hedduu ajaa’ibsiiseera. Wallaansi kana fakkaatu kun hawaasa horsiisee bulaa biraatti kanaan dura dhabamuun namoonni hedduun horiin irraa du’aa turuu himu. Ogeeyyin jiraatanilleen muraasa waan ta'aniif uummata cufa dhaqqabanii tajaajila waliin ga'uuf hin danda'an. Gama biraan ammoo iddoon horsiisee bulaan jiraatu magaalarra fagoo waan ta’eef ariifachiisan dhaqqabanii lubbuu horiii baraaruun rakkisaadha. “Lakkoofsii ogeeyyii fayyaa beeyladaafi baayyinni beeyladaa yaalii fayyaa barbaachisuun walqixxee miti. Kun rakkoo guddoo uumuutti jira,” jedha Diid. Baadiyyaa keessa bakka ogeessi fayyaa hin jirre cirreessi aadaa yoo ilmeen garaa keessatti duutu hanga dandeettisaa gargaaree keessaa baasa. Ilmeen garaa keessatti du’uun yeroo horiin kun foolatee osoo hin dhaliin guyyaa lama turuutu himama.
Garuu akkaataa malli aadaa kun itti hojjatamuu kan ogeessatiin garaagarummaa guddoo qaba. Dubartiin waggaa hedduu horii keessa jiraattu Aadde Waaree Guyyoo loon hedduu rakkoo kanaan dhabuu dubbatti. Mala aadaan sa'a ilmoon garaatti duute keessaa baasanillee akkaataa itti hojjetamu himti Aadde Waareen. “Horii [kan ilmoon garaatti duute] harka keessa kaa’anii waan qara qabduun ilmee gara keessatti cicciranii, luka kutanii, dugda cabsanii keessaa baasan. Akka gadaameessi hin kufne ammoo qadhabaan qaban,” jetti Ogeessi fayyaa beyladaa Diid Abbaa-Tanuu sirni cirreessa kun osoo nama gargaarellee horiif gaarii miti jedha. “Qarabii kun qaama horii kutuu danda’a, namni kana hojjetulleen qeenca dheeraa qabaachuu danda’a, dabalataan ammoo harka diqachuufaa dagachuu danda'a. Kun ammoo horii kana miidhudha.” Qaamni uummata mariisisee faayidaafi akkaataa beeylada horsiisuu barsiisuu malu, mootummaas ta'e qaama biroo dhimmi ilaallatu jiraachuu dhabuun furiinsa rakkoo tana fageessa jedha ogeessi kun. “Dhimmi fayyaa horii xiyyeffannaa dhabee horsiisee bulaan hongeefi dhukkuba beeyladaa irraa hafuu dadhabee rakkachaa jira,” jedha Diid. Ammaaf ogeeyyiin godinichaa tattaaffii ogummaa qabaniin taasisaniin horii dhalarratti miidhamaniif wallaansa baqaqsanii yaaluurra darbee kanneen laastikii (festaalii) nyaatan baqaqsanii yaaluun keessaa baasaa jiru. Godinuma Booranaa aanaa Dhaasitti wal'aansa baqaqsanii yaaluu sa'aatii lama fudhate saawwa tokkoof taasifameen milkaa'uu ogeyyiin fayyaa beeyladaa BBCtti himanii turan. Wal'aansi baqaqsanii yaaluu kanaan sa'a kana keessaa qarxaasiin (pilaastikiin) kiloogiraama 20 ulfaatutu bahe. Barbaacha marraafi bishaanii abbootin horii godaananii lafa gaammoojji keessa jiru. Gaalli dhalaaf deebinaan ijjoolleen tiksitu to’achuuf faana akka baate himu.
Guyyuma keessa gaala kana ilmeen garaa jiru miilla tokkoon dhufee ijoolleen tiksituu harkiftee garuu keessaa baasuu dadhabde jedhan. Achiin booda cirreessa lama sadii waamanii turan garuu isaalleen yaalanii milkaa’uu hin dandeenye. Sa’aatii 48 booda ogeessa fayyaa beeyladaa argatan. Yoo danda'ame haadhaafi dhala oolchuudha ta'uu baannaan ammoo haadha lubbuu oolchuudha kan jedhu Diid, “Abbaa qabeenyaa amansiisee gaalli kun sa’aati 48 guutuu waan turteef gadameessillen bu’ee jira waan ta'eef oppireshinii kana gochuun dirqama ta’uun itti hime,” jedha. Oppiresheniin gaala dhalchiisuun hedduu ulfaataadha kan jedhu ogeessi kun, “gogaan gaalaa hanga gadaameessa gahutti caasaa hedduu qaba waan ta'eef oppiresheniin isaa ni rakkisa, ta'ullee itti muddee milkaa’eera,” jechuun ibsa. Jiraataa ganda sanaa kan ta'an Jaarsoo Dullachaa, osoo yaala akkanaa duraan jiraachuu beknee horiin nurraa obba’ee akka kanaa hin rakkannu jedhan. Jireenyii baadiyyaa baayyee ulfaata, ammoo horsiisee bulaan horii ofii baayyee jaallata. Qoricha ofiif hin bitanne, horii ofiitti bita, marraafi bishaan barbaaduuf kiiloomiteerii kumaatama miilaan deema jedhu jiraataan kun. Haata'u malee, hawaasni harka guddaan barnoota dhabuunsaanii miidhaa horiirrattis ni geessisa. Kun ammoo hawaasni horsiisee bulaa horii kunuunfachuufi wallaansa fayyaa ammayyaa argachuuf rakkoo uuma. Addee Diimaa Duubaa gorsa ogeessa fayyaa loonii malee ofumaan loonshee yaaluuf qoricha magaalaatii bituun marfee waraanti. Kun ammoo horii fayyisuu caalaa akka rakkoo biraatiif saaxilamanillee hubachuu dhabuurrraan. Aadde Diimaan qoricha akkasumaan gabaarraa bitanii horiif kennuudhaan baayyeen akka jalaa du'an ni yaadatti. “Namni keenna beekumsa yaala beeyladaa waan hin qabneef qoricha dhiibbaa horii irratti geessisu bitanii fayyuu osoo hin taane horiin kaan du’a,” jedha Diid.
“Namni keenna beekumsa yaala beeyladaa waan hin qabneef qoricha dhiibbaa horii irratti geessisu bitanii fayyuu osoo hin taane horiin kaan du’a,” jedha Diid. Akka Diid jedhutti, wallaansi oppireeshinii kun hawaasa biratti baay’ee fudhatama qaba. "Hawaasi keenya oppireshenii ykn baqaqsanii yaaluun kan ilmee nama qofaatti yaada ture kanaaf yeroo oppireshenii akkanaa kana goonu ni aja’ibsiifatan,” jedha. Milkaa'ina wallaansa baqaqsanii yaaluu kanaatiin namoonni gammachuu qaban nuuf himaa turan jedha. Baadiyyaa keessa oggeeyyii fayyaaf bilbiluun yaala akkanaa argachaa jiran kan jedhu ogeessi kun, horii dhukkubsate yaalanii dadhabani qaluuf murteessan faa oggeeyyin akka Diidaa yaalanii lubbuu oolchaniiru. Godina Booranaafi Kaaba Keeniyaa bakka horsiisee bulaan itti guddatu keessatti loon festaalii ykn qarxaasaa nyaatanii du’un rakkoo bal'inaan mullatudha. Keeniyaa keessatti garuu erga mootummaan laastikiitti dhorkaa godhee lakkoofsii gad-bu’uu oggeeyyin ibsaa turan. Itoophiyaa keessatti ammoo namni hedduun meeshaa yoo bitatu, guyyaa cufa festaaliitti fayyadama. Festaalii tana osoo hin gubiin darbatan, kanaaf horii irraa eeguun ulfaataadha jedhu warri Booranaa. Loon, re'oonniifi hoolonni qarxaasaa dirreerratti gatamee jiru kana nyaatanii du'aa jiru. Ogeeyyiin akka Diid faa ammoo horii festaalii nyaatanii du'uuf turan wallaansa baqaqsanii yaaluu kanaan hedduu oolchaniiru. Yoo horiin festaalii nyaatee du’e, qalanii hawaasa itti yaamanii miidhaa festaaliin fidu agarsiisan. Akkanaan hawaasi rakkooshee baratee horii ofii festaalii irraa dhorkee yookin yoo itti fayadamee iddoo tokkootti waliti qabee gubuun akka irra jiraatu barata jedha Diid.
Horro Guduruu: Aanaa Abee Dongorootti namoonni 22 akkamiin ajjeefaman? Godina Horroo Guduruu Wallaggaa Aanaa Abee Dongoroo Ganda Dabbis jedhamtu keessatti haleellaa Sanbata darbe qaamoleen hidhatan raawwataniin namootni 22 ajjeefamuu fi namootni 21 ta'an ammoo ukkaamsamanii fudhatamuu jiraattonni BBC'tti himaniiru. Gandi haleellaan itti raawwatame kun daangaa gammoojjii Wubeetti kan argamuu fi lafa bosonaan marfame yoo ta'u irra jireessaan saboota Amaaraatu keessa jiraatu. Jiraataan nageenyasaaf jecha maqaansaa akka eeramu hin feene tokko haala ture akkanaan dubbata. ''Gaafa Sanbataa darbe sa'atii ja'a irraa eegalanii saba Amaaraa irratti haleellaa raawwachuu eegalan. Jalqabuma wayita hawaasatti seenan nama 17 ajjeesan, ergasii kanneen humna hin qabne daa'imman, jaarrolee fi dubartoota hoosisan namoota 21 ammoo butanii deeman,'' jedha. Naannoo sanarra humni addaa akka hin turre kan himu jiraataan kun wayita humni addaa dhufanis dhukaasa irratti banuun rasaasaan rukutan jedha. ''Humna addaa osoo isaan dhufaa jiranii fageenyarratti waan haleelaniif isaan madoo fuudhanii of duuba deebi'an. "Kanarraa kan ka'e reeffallee kaasuu hin dandeenye. Isa Sambata ajjeefaman reeffi isaanii Wiixata naannoo sa'atii 12tti kaafame. Kanaafuu naannoo kanatti namni nuuf qaqqabe hin jiru. Namni meeqa akka hafee fi warri butaman akkam ta'an ammallee hin barre.'' Jiraataan kan biraan ganda kanaa namoonni sabaan Amaara ta'an 22 ajjeefamanii kaan ammoo qe'eerraa baqataniiru jechuun BBC'tti himeera. ''Hidhattoonni kunneen bakka biraadhaa kan dhufaniidha. Jiraattota naannoo miti. Shanee warra jedhamaniidha," jedha jiraataan kun. Dhimma kanarratti kan gaafanne Bulchaan Godina Horroo Guduruu Wallaggaa Obbo Baqqalaa Dachaasaa humnoonni isaan shanee ittiin jedhan qama abbaa torbee jedhamee of waamu waliin qindoomina uumuun uummata nagaa, caasaa mootummaa fi qaamolee nageenyaa ukkaamsaa fi ajjeesaa kan turedha jedhan.
Haleellaan Sambata darbe ALI gaafa 27 raawwates qaama gochaa garee kanaati jedhan Obbo Baqqalaan. ''Gaafa 27 godina keenya Aanaa Abee Dongoroo ganda Dabbis jedhamtu kan daangaa bosonaan marfamerratti argamtutti uummatarraa bilbila guuranii ajjeechaa raawwatan. Naannoo sana saba Amaaraatu baay'inaan jiraatu. Guyyaa sana saba kana walitti qabanii haala suukanneessaadhaan namoota 22 ajjeesan'' jedhu. Hidhattoota haleellaa raawwatan kunneen keessaa amma dura qaamoleen nageenyaa mootummaa namoota 52 ajjeesanii namoota 28 caalan ammoo to'achuu himu Obbo Baqqalaan. ''Aarii sana waan qabaniif humna dabalataa godina Wallaggaa bahaa irraa fudhatanii dhufanii haleellaa kana raawwatan,'' jedhu. Hidhattoonni kunneen guyyaa sana humnoonni nageenyaa mootummaa dirqama hojiif naannoo sanarraa gara biraa wayita geeffaman haala isaaniif mijatetti fayyadamanii haleellaa raawwatan jedhan. ''Haleellaa raawwate dhagahuun humnoonni nageenyaa wayita deebi'anii dhufanis dhukaasa irratti banuun miseensota poolisii Oromiyaa keessaa nama rukutaniiru. Isa booda humni nageenyaa dabalataa ramadamee nageenya uummataa eeguu itti fufe. Humni nageenyaa yoggasuma bakka sanatti argamuun reeffa namootaa kaaseera,'' jedhu. Sababa haleellaa mudatee kanaan hawaasi qe'eerraa buqqa'e akka hin jirree fi yeroo ammaa qaamni nageenya eegsisu dabalamuun tasgabbiin naannawa sanatti deebi'ee jiraachuus himan Obbo Baqqalaan. Hidhattoonni haleellaa raawwatan kunneen namoota hojiirra jiran dagachiisuun namoota humna hin qabne kanneen akka daa'immanii fi dubartootaa heddumminaan ajjeesan kan jedhan Obbo Baqqalaan, kanneen yerosiif ukkaamfamanii fudhatamanii turanis hunduu harkaa baafamaniiru jedhan. Naannoo Oromiyaa godinaalee Lixaa fi Kibbaa keessatti oduun ajjeechaa namoota nagaa irratti rawwatamu irra deddeebiin dhagaahama.
Naannoo Oromiyaa godinaalee Lixaa fi Kibbaa keessatti oduun ajjeechaa namoota nagaa irratti rawwatamu irra deddeebiin dhagaahama. Mootummaan ajjeechaalee kanneeniif 'Waraana Bilisummaa Oromoo' kan 'ABO-Shanee' jedhee waamu gaafatama taasisa. Ajajoonni waraanaa 'Waraana Bilisummaa Oromoo' ibsa yeroo gara garaa miidiyaaleef kennaniin ajjeechaa namoota nagaa keessaa harka qabaachuu ni waakkatu.
Gaazexeessituu Masarat Dhaabaa bilisaan mana hidhaatii akka gadhiifamtu manni murtii ajaje Gaazexeessituu Masarat Dhaabaa bilisaan mana hidhaatii akka gadhiifamtu manni murtii aanaa magaalaa Galaan ajaje. A L I Gurraandhala 3 bara 2013 mana jireenyaa isheetii poolisiidhaan kan too'atamte Gazexeessituu Masarat Dhaabaa erga too'atamtee booda himanni osoo irratti hin banamin ji'aafi torban tokkoo ol turteetti. Abukaatoo ishee kan tahan Obbo Gammachuu Guutamaa BBC'tti akka himanitti Masarat erga too'atamtee qorannoon irratti dhihaates hin jiru, mana murtiittis hin dhihaanne jedhan. Akkaataa seerri ajajuun mana murtiitti osoo hin dhihaatin waan turteef jechas mirga too'atamiinsi seera qabeessa ta'uusaa gaafachuu (Habeas corpus) tin mana murtii aanaa magaalaa Galaanitti iyyannoo dhiheefattee akka turtes himan. Manni murtii aanaa magaalaa Galanis qaamoleen dhimmi kun ni ilaallata jedhu abbaa alangaa waliigalaa Oromiyaa, komishiniin poolisii Oromiyaafi qajeelchi poolisii magaalaa Galaan dhihaatanii sababa akka ibsaniif ajjajee ture. Kanneen akka deebii kennan ajajaman sadan keessaas abbaan alangaa waliigalaa Oromiyaa dhimma kana quba akka hin qabne deebii kan kenne yoo ta'u, komishiniin poolisii Oromiyaafi Qajeelchi Poolisii Magaalaa Galaan garuu dhihaataniii osoo deebii hin kennin hafaniiruu jedhan Obbo Gammachuun. Manni murtii aanaa magaalaa Galaanis A L I Bitootessa 7 bara 2013 ajajni mana murtii qaamolee lamaan kana gahuusaa erga qulqulleefateen booda galmee qorachuuf Bitootessa 8 bara 2013tti beellamee ture. Haaluma kanaanis manni murtichaa dhadhacha har'a ooleen galmee Gaazexeessituu Masarat dhaabaa erga qoratee murtii kenneera. Masarat hidhamtee isaan bira osoo jirtuu, ajajni mana murtiis isaan gahee, deebii akka kennan hiree kennameefis waan hin fayyadamneef jecha hidhaarraa akka gadi lakkifamtu jechuun manni murtichaa ajaja kenneera jedhan Obbo Gammachuun.
Masarat hidhamtee isaan bira osoo jirtuu, ajajni mana murtiis isaan gahee, deebii akka kennan hiree kennameefis waan hin fayyadamneef jecha hidhaarraa akka gadi lakkifamtu jechuun manni murtichaa ajaja kenneera jedhan Obbo Gammachuun. Ji'oota duras gaazexeessituu Masarat Dhaabaa dabalatee namoonni sababa uffata keelloo uffatanii dhaddacha Obbo Jawaar Mohaammad faa hordofuuf deeman hidhamaanii wabiidhaan akka bahan murtaa’uun isaa ni yaadatama. Uffanni kelloo ammoo uffata hidhamtoonni siyaasaa uffatan fakkaatu Gaazexeessituu Masarata Dhaabaa dabalatee namoonni isaan deeggaran uffatanii isaan cinaa dhaabbachuu isaanii mul'isna jedhaa turanmidha.
Bulchaan Godina Arsii Lixaa Aanaa Heeban Arsii Obbo Bariisoo Bulliyyee akkamiin ajjeefaman? Guyyaa dheengaddaa, Roobii 17,03,2021, Godina Arsii Lixaatti bulchaan Aanaa Heeban Arsii 'namoota hin beekamnen' ajjeefaman. Aanaa kana torban darbe Ministirri Muummee Abiy Ahimad qondaaltota federaalaa fi naannoo waliin ta'uun oomisha qamadii bona keessa oomishamuun 'modeela' jedhamte daawwatanii turan. Yeroosis, bulchaa aanichaa dhihoo ajjeechaa irratti raawwatameen lubbuu dhaban arganii dubbisuufi 'galata galchuu' isaanii Itti gaafatamaan Kominikeeshinii aanichaa BBC'tti himaniiru. Akka qondaala aanichaa Obbo Siraaj Aabbe Kadir jedhanitti Obbo Bariisoon 'rasaasaan' balbala mana isaaniitti dhahamanii ajjeefaman. Odeeffannoo hanga ammaa jiruun abbaan ajjeechaa kana raawwate ifatti hin baramne. Ajjeechaan qondaaltota mootummaarratti xiyyeeffate waggoota muraasa darban irra deddeebbiin Oromiyaa keessa mudachaa ture. Akka Obbo Siraaj jedhanitti guyyaa ajjeechaan raawwate, A.L.I Bitootessa 08, 2013, magaalaa Shaashamannee walgahii oolanii gara magaalaa Nageellee Arsiitti deebi'ani. Bakki ajjeechaan itti raawwates naannoo mana jireenyaa isaaniittidha. Yeroos ''Nama waliin deemaa hin turre'' kan jedhan obbo Siraaj namoota waliin oolanitti nagaa dhaammatanii osoo manatti galaniiti ajjeechaan kan irratti raawwate jedhan. ''Magaalaa Shaashamannee walgahii guddaa ture. Walgahii oolanii gara maatii isaaniitti miilaan osoo imalaa jiranii qaama hin beekamneenan,'' jedhan. ''Daa'imman isaatiif ammoo muuza bituudhaan harkatti qabatee gara mana jireenyaa isaa deemaa ture.Dallaa mana jireenyaa isaa jalatti gochi kuni kan irratti raawwatame.'' ''Dhokatanii meeshaadhaan dhahani. Lubbuun isaanii akkasitti darbuu danda'ee jira,'' jechuun BBC'tti himan.
Lubbuun isaanii akkasitti darbuu danda'ee jira,'' jechuun BBC'tti himan. Haa ta'u malee ammatti ajjeechaa isaaniif ''ka'umsi tilmaamamu hin jiru'' jedhan qondaalli isaan waliin dalagaa turan kuni. Obbo Bariisoo Bulliyyee Adoolessa bara 2012 hanga guyyaa ajjeefamaniitti bulchaa aanaa Heeban Arsii turan. Sana dura sadarkaa aanaa fi Godinaatti magaalota kanneen akka Shaashamannee, Aanaa Shaallaa dabalatee hoggansa gara garaarra magaalota garaa garaatti tajaajilaniiru. ''Waggaa kudhaniif hooggansummaan tajaajilaniiru. Muuxannoo guddaa nama qabanidha. Akkasumas nama ummata birattillee jaallatamuufi dinqisiifamu'' jechuun isaan ibsu Obbo Siraaj. Obbo Bariisoon abbaa ijoollee sadii ta'uu kan himan Obbo Siraaj yeroo ajjeechaan raawwate rakkoon nageenyaa aanicha keessa hin turre jedhan.
Seenaan lola Goodaa Kokoriifi Abishee Garbaa akkamiin yaadatamu? Horroo Guduruu Wallagaatti kan dhalate Abishee Garbaa gootummaan lolaa inni qabu farda waliin waan walqabatuuf namoonni hedduu Abishee Abbaa Makoo jedhanii waamu. Barri 1854/5 gosa Ormoo Jaawwii kan Abisheen keessaa dhalateef akka bara ce'umsaa ture jedhu namoonni seenaa isaa beekan. Barsiisaan Seenaa Taarikuu Dheeressaa akka jedhanitti, yeroo kana Oromoota Jaawwii , warra Caffee Bulluq rakkoolee lamatu mudate ture. "Rakkoon inni duraa qondaalli waraanaa warra Jaawwii, abbaan Abishee Obboo Garbaa Hurruubaa du'uu isaaniiti. Rakkoo inni lammaffaan ammoo loltoota diinaa kan Mormor ce'anii dhufan lafa Jaawwii qabachuuf dhufuudha," jedhan. Garbaa Hurruubaa abbaa Bokkuu Gadaa Jaawwii kan turan erga du'anii sababa loltoonni Raas Adal Tasammaa laga Mormor cehanii lafoota akka Amuruu, Horroo fi Guduruu waan weeraraniif jecha gumiin Gadaa yaa'ee nama bakka isaanii bu'u filachuu hin dandeenye. Kanaafis, ilmi isaanii Abishee Garbaa gonfoo loltummaa abbaa isaanii dhaaluun diina lafa warra Jaawwii weerare kana qolachaa akka turan himu barsiisaa Taarikuun. Barri Abisheen diinotaan dirree lolaa hedduutti walfalmaa ture yeroo meeshaan waraana ammayyaa hin jirretti waan ta'eef gootummaan isaas kan leellifamu lola eeboo fi gaachanaan fardaan lolamuuni. Kanaanis, weerara lafa babal'ifannaa laga Mormor as ce'anii dachee Oromoota Maccaa weeraruuf taasifame hedduus qolatee laga gamatti akka ittises himama. Lolawwan hedduu Abisheen fardaan irratti injifate keessaa ammoo Lolli 'Goodaa Kokor' kan yeroo hunda maqaan isaa itti dhahamudha. Sababa kanaaniis Oromoonni ,keessumaa ammoo Oromoonni Maccaa hanga har'aatti Abishee akka mallattoo Gootummaatti leellisu jedhu qorataan seenaa kun.
Durbi heerumtullee gootummaa Abisheetiin abbaa manaa itti heerumuuf deemtu cigoodhaan itti dubbatti. "Alangaa Buttee Dirrakoo kuttee nagaafattaaree Yoo kana goote ati Abisheedha, Abishee Garbaa Yoo kana hin goonemoo ati agiixee, agiixee Gandaa," jechuun waa'ee durbummaa ishee leellistee jabina abbaa manaa ishees gaafatti jedhan barsiisaa Taarikuun. Oromoonni Maccaa seenaa fi gootummaa Abishee geerarsa, sirbaa fi walaloo keessatti maqaa hin dhahin hin darban. "Nan sii sirba sakoo siree buusaa dalgaa Abishee abbaa makoo qilee buusaa Jagnaa" "Lafa dhiiteen darba teepha hin dachaasanii Abishee Abbaa Makoo reebaa kattaa shanii," jechuunis injifannoo Abisheen diinotarratti gonfatu yaadatu. Abishee Garbaa dandeettii lolaa qaburraa ka'uunis 'Isa beekuuf lolli tapha' jechaa akka tures namoonni seenaa nidubbatu Lola Goodaa Kokor booda Abishee Abbaa Makoo lolaan injifachuun akka hin danda'amne diinonni waan baraniif jecha, toftaa jijjiiranii lola Kokor waggaa sadiin booda karaa dipilomaasiitiin Abisheen harka diinaatti akka kufetu himama. "Raas Adal Tasammaa yeroo hedduu yaalus lolaan Abishee moo'uu hin dandeenye. Kanaaf jecha mala jijjiiranii dipilomaasiidhaan Abishee harka isaanii galchan. Warri akka soorii Galaa fi Qadiidaa Wandabee warra amansiisanii diinatti dabarsani," jedhan barsiisaa Taarikuun. Yeroo sanatti loltoota Abisheen qabatee gara 'Tarkaanfataa' deeme gidduutti 'Jarri kuni nugantii miila keessan faanaa keessaa hin baasinaa' kan jedhuu fi 'Lakkii kakatanii nun ganani' dhimma jedhurratti falmii guddaan akka tures himama. Dhumarratti warri Raas Adal Tasammaa Abishee lolaan dadhaban toftaadhaan qabatanii gara Dabramaarqoos [Goojjam] akka geessanii fi naannoo bara 1855/56 achumatti akka ajjeefame namoonni seenaasaa beekan ni dubbatu.
Dhumarratti warri Raas Adal Tasammaa Abishee lolaan dadhaban toftaadhaan qabatanii gara Dabramaarqoos [Goojjam] akka geessanii fi naannoo bara 1855/56 achumatti akka ajjeefame namoonni seenaasaa beekan ni dubbatu. Abisheen toftaa goyyomsaa ittiin diinotasaa harka bu'e kanaan hedduu kan gaabbuufi aaruu irraa kan ka'es bakkka hidhamee turetti gaabbiidhaan qubasaa abudduu (quba guddaa) ofirratti ciniinaa akka du'es himama. Seenaan lola Goodaa Kokor keessatti namni yaadtamu Abishee Garbaa (Abishee Abbaa Makoo)tiif siidaan yaadannoo bara 2010 magaala Shaambuutti ijaarsisaa kan jalqabe. Miseensa koree ijaarsa siidaa Abishee Garbaa kan tahan barsiisaa Taarikuu Dheeressaa, siidaan Abishee kun yeroo ammaa ijaarsisaa akka xumurameefi wantoota muraasa hafan xumuruun dhihootti ni eebbifama jedhan. Ijaarsi siida kanaa birrii miiliyoona shanii ol akka fixeefi guutumattis hirmaannaa uummataatiin kan uwwifamedha jedhan.
Kitaaba seenaa baqataa Oromoo himu kana barreessan Aabba Sheekoo Nagawoo eenyu? Tibbana kitaabni matadureen isaa 'By the Light of the Night: An Oromo Immigrant Story' jedhuufi waa'ee imala baqattummaa lammilee Itoophiyaa himu, Afaan Ingiliziin maxxanfamee gabaarra ooleera. Kitaabni Seenaa Baqataa Oromoo kun fakkiiwwan seenicha wajjin walqabatuufi suuraa sammuu namaa keessatti uumaniin dabaalamee ka dhiyaatedha. Barreessaa kitaaba kanaa keessaa tokko kan tahan Aabba Sheekoo Nagawoo, amma biyya Ameerikaa keessa kan jiraatan oggaa tahu, waa'ee kitaaba kanaafi imalasaanii BBCtti akka ittaanutti himaniiru. Sheekoo Nagawoon biyya Ameerikaa magaalaa Siyaatilitti barsiisaa seenaati. Maqaan kiyya Sheekoo Nagawooti, Arsii keessa dhaladhee guddadhe. Magaalaa Asallaatti mana barnootaa sadarkaa lammaffaa baradhe. Wayita Asallaatti barachaa jirruutti mootummaan Mooticha Haayilasillaaseen hoogganamu kufee, Dargiin jijjiirame. Erga Dargiin biyya bulchuu eegalee booda, abbaafi ilmillee bara ittiin walshakkanii wal amanuu dadhaban ture. Mootummaan Itoophiyaas wayita sana gama garagaraan lolarra waan tureef, loltoota barbaada ture. Anis asitti takkaa du'uu takkaa hidhamuurra, carraa kiyya laalee biyyaa baha jedheeti Dirree Dhawaatti baqadhe. Achi nama tokkollee hin beekun ture. Boodarra garuu waahilakoo imalaa Umar wajjin walbarre. Kitaabni kun seenaa dhugaa kan koofi saahiba kiyya kan waliin biyyaa baanee tokkooti. Karaan qaxxaamurree dhufne fagoo. Dirreedhawaarraa kaanee Jabuutii wayita seennu rakkoo akkamiitu nurra dhaqqabe kan jedhus keessa jira. Eenyummaa keenyafaa jijjiirruutu nurra ture. Bakka Somaaleen jirutti Somaalee fakkaanna, eega Jibuutii seenneettiin jennemmoo, Affaar taanee Jabuutii seenne. Wayita baqattummaan galmoofnu garuu baqattoota Oromoo, Itoophiyaarraa jechuun nu deebisan. Jabuutitti wanti nu dhageenye, ''Ijoolleen Oromoo ofiin jettu, namni baqateetiin karaa kana dabre hinjiru''.
Kanaafuu akka Oromootti nutti karaa saniin Oromoo jennee dabruun nama duraati jechuudha. Ergasii waraqaa sana fudhannee Yaman seenne. Kunis kan tahe ALA 1977 keessa ture. Yamanitti amata lamaafi walakkaa nutti fudhatee achi keessaa bahuuf. Achi boodas biyya Jarmanii seennee ji'oota kudhaniif achi turre. Turtii ji'oota kudhaniin booda gara Ameerikaa dhufuu dandeenne. Kitaaba kana kan barreesseef, yeroo karaa gubbaa jirru; karaa kana hunda qaxxaamurree Ameerikaatti baanee jiraanna jennee yaaduun nama dhiba. Karaan keessa dabarre akka malee hamaa, shiftaatu jira - takkaa si saamu, takkaa si ajjeesu. Yeroo sanatti akka nama kakuu ofii seeneetti, yeroo lubbuun sitti dhuftu Rabbi kadhatta. Yoo na jiraachifte akkana godha jettee himatta. Nutis yeroo sanatti waanti nu jenne, ''yoo karaa kana dabarree bakka takka geenne, seenaa kana himachuu qabna''. Egaa amma Ameerikaa dhufnee yeroo dheeraaf jiraannee, ijoollee horannee, hojii argannee jiruu gaarii jiraanna. Kanaafuu kadhaa wayita sana Rabbi kadhanneetti deebinee, seenaa sana barreessinee, namni keenyallee karaa nuti keessa dabarree dhufne haa beeku, ijoolleen biyya kanatti dhalattes seenaa kana beekuu qabdi jenneetu. Kitaabni ammaa kun ka jalqabaa miti. Kanaan durallee ijoollummaarratti mudannoo afaan wajjin isaan mudateen walqabatee kitaaba tokko barreessee maxxansiiseera. Yoo Rabbi jedhe ammoo kitaaba koo sadaffaa waa'ee jiruu Ameerikaa ilaallatu barreessuufin jira. Warri kiyya qonnaan bultootaafi horsiisee bultootadha. Anin suni bakka sanii bahee bakka kanaa waan gahu taate, isinillee bakka ani gahe kana bira dabartanii bakka biraa gahuu dandeettu. Of gad-hinqabinaa, jabaadhaa baradhaa. Seenaa keessanis bakka jirtanitti himaa. Seenaa keenna nuti yoo hin himne, namni seenaa keenna jal'isanii waan himaniif - nutu seenaa keenna himachuu qaba.
Seenaa keenna nuti yoo hin himne, namni seenaa keenna jal'isanii waan himaniif - nutu seenaa keenna himachuu qaba.
Filannoo Itoophiyaa 2021: Hidhamuu aanga'oota ABO irratti 'qaama dhimmi ilaalu waliin' dubbachaa jirra-Boordii Filannoo Walitti-qabduun Boordii Filannoo Biyyaalessaa Aadde Birtukaan Miidhagsaa waa'ee hidhamuu aanga'oota Adda Bilisummaa Oromoo (ABO) ilaalchisee 'qaama dhimmi isaa ilaallatu waliin' dubbachaa jirra jette. Walitti-qabduun Boordichaa kana kan jette kaleessa wayita galmee kaadhimamootaafi dhimmoota kanaan walqabatan irratti aanga'oota paartilee siyaasaa waliin marii taasistetti ture. Marii sanarratti gaaffii aanga'oota paartilee siyaasaarraa ka'aniif deebii kan kennite Aadde Birtukaan, namoota siyaasaa mana hidhaa jiran dhimmisaanii mana murtiin ilaalamaa jiru filannoo dhufu irratti dorgomuudhaaf kaadhimummaan galmaa'uu hin danda'an jetteetti. Marii ture kanarratti Dubbi Himaan ABO Obbo Battee Urgeessaa, miseensonniifi aanga'oonni ABO dhimmisaanii mana murtiin cufame, akkasumas kan abbaan alangaan himannaan irratti banu hin qabu ittiin jedhe garuu ammallee mana hidhaatii hin bane jiraachuu ibseera. Miseensonni "kanneen mirgisaanii seeraan irraa hin fudhatamiin" garuu ammoo mana hidhaa jiran kaadhimummaan dhiyeessuun ni danda'amaa? jechuun Obbo Batteen gaafatee ture. Walitti-qabduun Boordii Filannoo Aadde Birtukaan Miidhagsaa waa'ee miseensota ABO mana murtiirraa dhimma hin qabne garuu ammoo mana hidhaa jiranii 'qaama dhimmi ilaallatu waliin' dubbachaa jirra jetteetti. "Hanga beellama hin qabaannetti [kan mana murtii] sababiin ittiin mana hidhaa turaniif hin jiraatu," kan jettu Aadde Birtukaan, dhimma kanarratti mootummaa naannoo Oromiyaa waliin dubbachaa jirra jechuun deebiste. Haata'u malee, kanneen mana hidhaa jiraniifi dhimmisaanii mana murtiitiin ilaalamaa jiran kaadhimummaatiin dhiyeessuu akka hin dandeenye dubbatte. Walitti-qabduun Boordii Filannoo kun, namoonni dhimmisaanii mana murtiidhaan ilaalamaa jiru kaadhimummaatiin galmeessisuudhaaf seerri filannoo akka hin hayyamne ibsiteettis.
Kana malees, bakka bu'aan Addi Bilisa Baasaa Biyyaalessaa Ogaaden (ONLF) Ahmad Mohaammad mootummaan paartii isaaniirraan dhiibbaa gara garaa geessisaa akka jiru waltajjii marii kanarratti dubbateera. Waajiraaleen isaanii cufamuufi qophii kaadhimamtoota qopheessuuf yeroo gara aanaaleetti deeman miseensonni paartichaa akka gara Jigjigaatti deebiyan taasifamaniiru jedhe. Paartii biyyaa bulchaa jiru bakka bu'uun kan argame Alamuu Simee (PhD), "Namni seera malee hidhamuu hin qabu. Filannoo dammaqsuufi bareechuuf jedhamee ammoo ol-aantummaan seeraa cabuu hin qabu," jedhe. Alamuu Simee (PhD), "Dhiibbaan miseensota paartii siyaasaafi deeggartootarra ga'aa jiru yoo jiraate bakka rakkoon mudateera jedhu sirriitti yaa eeramu nuti ammoo giddu-galeessarraa nama ni ramadna, bakkasaa deemuun tarkaanfii sirreessuu barbaachisaa ni fudhata. …Kun ammoo bakka biraatti akka irra hin deebiyamneef tarkaanfii sirreessuu fudhachuuf nuti qophiidha," jedhe. Boordiin Filannoo Biyyaalessaa sochii filannoo barbaachisu taasisuudhaaf naannoleerraa deeggarsa gahaa argachaa akka hin jirre beeksiseera. Tokkoo tokkoon naannolee hojjetoota Boordii Filannootiif konkolaataa akka dhiyeessaniif si'a afurii ol xalayaan gaafachuu kan dubbattu Aadde Birtukaan, hanga ammaatti deeggarsa barbaachisaa ta'e kan taasisan naannolee Amhaaraafi Somaalee qofaadha jette. Hojjetoonni bakkaa bakkatti socho'anii hojiisaanii hojjechuu kan hin dandeenye yoo ta'e filannichi yeroo karoorfametti raawwachuun akka hin danda'amne kan akeekkachiifte walitti-qabduun Boordichaa, ta'e jedhamees ta'u dhibaa'ummaan tumsa bulchiinsaa argachuu dhabuun paartileefi Boordii Filannoof qormaata ta'eera jetti. Buufataaleen filannoo ifa ta'an irratti kaadhimamtoonni gahaan galmaa'aa akka hin jirre marii kaleessaa kanarrratti Aadde Birtukaan dubbattee jirti.
Buufataaleen filannoo ifa ta'an irratti kaadhimamtoonni gahaan galmaa'aa akka hin jirre marii kaleessaa kanarrratti Aadde Birtukaan dubbattee jirti. Ammas taanaan paartileen buufataaleen filannoo banaman irratti kaadhimamtoota akka galmeessaniif waamicha dhiyeessiteetti. Haata'u malee, yeroo kaadhimamtoota galmessanitti hojimaanni walqixxaataa ta'e dhibuun rakkoo akka ta'e bakka bu'aan paartii Ye Itoophiyaa Zeegooch La Maahibaraawii Fitiih (IZEMAn) dubbateera. Bakka bu'aa IZEMA kan ta'e Waasihun Tasfaayee, kaadhimamtoota galmeessuudhaaf ulaagaaleen Boordichi ifatti gaafateen ala kaadhimamtoonni ragaaleen dabalataa biroo akka dhiyeessaniif ni gaafatamu jedheera. Hojjetoonni mootummaa kaadhimummaatiin galmaa'uudhaaf yeroo gara buufata filannoo deemanitti, waajira hojjetanii xalayaa akka hojii gadhiisan agarsiisu akka fidan gaafatamu jedha. Aadde Birtukaan gamasheetiin kaadhimummaadhaan dorgomuudhaaf xalayaa hojii gadhiisuu dhiyeessuun kan isaanirraa eegamu, abbootii seeraa, abbootii alangaafi hojjetoota caasaa nageenyaa ta'uu kaasuun, kanarratti sirreeffamni akka taasifamu dubbatteetti. Marii kaleessa turerratti bakka bu'oonni paartileen siyaasaa kan akka ABO, KFO, IZEMA, Badhaadhinaafi ONLF dabalatee kaneen biroo argamaniiru. Akka Boordiin Filannoo baasetti galmeen kaadhimamtootaa A L I Guraandhala 8 hanga 21tti gaggeeffama. Haata'u malee, dhiyeessi meeshaalee nannoleen tokko tokkotti buufataaleen hunda qaqqabsiisuu waan hin dandeenyeef, kana hordofee ammoo buufataleen filannoo hunduu banamuu dhabuusaaniitiin galmeen kaadhimamtootaa marsaa lammafaatiif A L I hanga Bitootessa 6tti akka dheerate ibsameera.
'Abbaan gaazexaa Bariisaa' Piroofesar Maahdii Hamiid Muudee boqotan Hundeessitoota gaazexaa Afaan Oromoo Bariisaa kan ta'an keessaa angaftichi Piroofesar Maahdii Hamiid Muudee boqotan. Piroofesar Maahdii gahee gaazexaa Bariisaa keessattii qabaachaa turan irraa kan ka'e 'Abbaa Bariisaa' jedhamuunis beekamu. Abbaan Bariisaa magaalaa Ciroo ganda Madhichootti dhalatan. Barnoota isaanii sadrkaa jalqabaa fi Lammaffaa Cirootti xumuruun Yunivarsiitii Finfinnee galuun barnoota Fiiziksiin eebbifaman. Barsiisaa, Gaazexessaa fi waloos kan ta'an Piroofeesar Maahdii galmee jechoota Afaan Oromoo Ingiliffarraa hiikaniis maxxansiisaniiru. Kitaabni yeroo duraatiif Afaan Oromoo Itoophiyaa keessaatti ittiin barsiifame Kitaaba isaan ALI bara 1967 qopheessan ta'uu wagga lama dura gaaffiifi deebii OBS waliin taasisan irratti dubbataniiru. Hojii barsiisummaaf Bulchiinsa Goojjaam duriitti ramadamanii wayita magaala Baahirdaaritti waggoota lamaaf barsiisan gaazexoonni Amaariffaa fi Afaanota biyyoota alaan maxxanfaman hedduun Finfinnee keessa jiraatanii kan Afaan Oromoo dhibuun yaada ka'umsaa gaazexaa Bariisaa akka ta'es dubbatan. ALI bara 1964 Minsteera beeksisaa dhaquun ''Afaan Oromoon gaazexaa maxxansuun akka naa hayyamamu yoon gaafadhu 'hangam na tuffattu 'gaalLinyaan' gaazexaa naa hayyami kan jettu' jedhe na ari'e,'' jedhu. Bara Hayilasillaasee keessa yaaliiwwan sadii taasisan kufaatii sirna Haayilasillaasee boodas itti fufuun Dargiin galee waggaa tokkoffaatti gaazexaan kun guyyaa tokkoof akka maxxanfamu hayyama argatee san booda adda cite. Hayyama yeroo tokkoof kenname itti fayyadamuun torbee lama lamaan baha jedhanii raabsuu isaaniitiin qabamanii hidhamuus dubbatanii turan. Gameessii kun Herreegaa fi Fiiziksii barsiisaa biyya alaa akka turaniifi dhibee onneen yaalamaa turanii boqochuu isaanii miidiyaan biyyaa keessaa OBN gabaaseera.
Gameessii kun Herreegaa fi Fiiziksii barsiisaa biyya alaa akka turaniifi dhibee onneen yaalamaa turanii boqochuu isaanii miidiyaan biyyaa keessaa OBN gabaaseera. Piroofesar Maahdii Hamiid waggoota 17'f gulaalaa olaanaa Gaazexaa Bariisaa ta'uun tajaajilaaniiru. Kutaan qophii gaazexaa Bariisaa du'a hundeessaa isaa kanatti gaddi itti dhagahamuu ganama kana fuula feesbuukii isaa gubbaatti maxxanseera. Namootni hedduunis miidiyaa hawaasaa gubbaatti du'a beekaa Oromoo kanatti gadduu isaanii ibsaa jiru. ALI bara 2011'tti gaazexaan Bariisaa Profesar Maahdii waliin gaaffiif deebii taasisee ture keessaa gariin fuula fb isaa gubbaa kaaheera. Gaaffiifi deebii san keessatti Piroofeesar Maahdii ''Ani hanga dhimmi Oromoo furmaata argatutti hirriba hin qabu,'' jechuun dubbatanii turan. Hundeessitoota Bariisaa keessaa gameessi biroon gazexeessaa Ibraahiim Haji Alii ji'a darbe du'aan boqote.
Nageenya Oromiyaa: Lola hidhattootaa fi mootummaa lammilee nagaa 'gatii qaalii kafalchiisaa jiru' Baatii Sadaasaa darbe kutaalee Lixaa fi Kibba Oromiyaa iddoo humnooti mootummaa hidhattootaan lolaa jiran dabalatee bakkoota gara garaatti lammileen nagaa hedduu ajjeefamuu gabaasaaleen bal'inaan marsaalee hawaasaa irratti qoodamaa turan ni mul'isu. Lolli hidhattoota Waraana Bilisummaa Oromoo jechuun of waaman kan mootummaan 'ABO-Shanee' ittiin jedhuufi mootummaa jidduutti adeemaa jiru umurii waggaa lamaa olii lakkoofsiseera. Kutaalee Oromiyaa hidhattoonni kun keessa socho'an gara garaatti raayyaan Ittisa biyyaa bobba'ee kan ture yoo ta'u, lolli Tigraay dhalachuu hordofuun dirqamni hidhattoota kana loluu humna addaa poolisii naannoo Oromiyaaf kennamuu MM Abiy Ahimad xumura Sadaasaa wayita paarlaamaatti dhiyaatan dubbatanii turan. Komishiniin poolisii Oromiyaa 'tarkaanfii olaantummaa seeraa kabachiisuu' fudhadhe jedhuun yeroo ji'a tokkoo keessatti hidhattoota 350 ol ajjeesuu fi kanneen 170 ta'an ammoo to'annoo jala oolchuu tibbana ibseera. Lixa Oromiyaa iddoowwan tokko tokkotti tajaajilawwan bilbilaa fi intarneetii lola Tigraay hordofee adda cite ammallee bakkatti hin deebine. Tarkaanfii fudhatamaa jiruun kanneen ajjeefaman keessa lammileen nagaa jiraachuu fi gariin isaanii mana isaaniiti erga qabamanii fudhatamanii booda mana murtiitti osoo hindhiyeeffamiin ajjeefamanii argamuu himu jiraattonni. Godina Horro Guduruu Wallaggaatti barsiisaa mana barumsaa sadarkaa lammaffaa Saqalaa kan ture namni ganna 32 Kitilaa Guddataa kanneen haala akkasiin ajjeefame keessaa tokko. Miseensi maatii barsiisaa Kitilaa sodaa nageenyaaf jecha maqaan isaanii akka hin dhahamne nu gaafatan tokko akka jedhanitti, Kitilaan Kamisa Sadaasa 19 halkan sa'aatii 3:30 irratti miseensota poolisii humna addaa Oromiyaa kudhan ta'aniin mana isaatii qabame.
"Haati warraa fi haati ijoollee isaa lamaa bakka isaa ana fuudhaa deemaa jettee itti boosullee, gaaffilee muraasa gaafatamee deebi'ee dhufa jechuun itti qoosanii fuudhanii deeman," jedhu miseensi maatii kun. Guyyaa itti aanu bilbilli isaa cufaa akka ta'ee fi eessa akka jiru wallaalu himu. "Jimaata galgala naannoo sa'aatii 1 rasaasaan dhahamee ajjeefamuu akka hin oolle namoonni haasa'uu eegalan. Garuu eessatti akka ta'e hin baramne ture," jedhu. "Sanbata ganamaan reeffi isaa magaalaa Saqalaan ala iddoo Haroo Aagaa jedhamutti argamuu isaa dhageenye. Namni ana dursee achi gahe hin jiru." "Lagatu jira, laga sana qarqaratti dhagaa irratti ajjeesan. Harki isaa duubatti hidhamee fuulduratti kufeen arge. Dubarraan rukutame. Akka waan kartoonii irratti qiyyaafannaa shaakalaniitti waan ajjeefame fakkaata," jedhu. Bakka reeffi Kitilaa argame sanatti reeffi namoota biroo lama kan booda maqaan isaanii Gaaddisaa Alamaayyoo fi Biraanuu Gabayyoo akka ta'e adda baafame waliin argamuus himan. Lamaanuu jiraattota magaalaa Saqalaa yoo ta'an, Gaaddisaan namni ganna 43 waardiyyaa waajjira bulchiinsa Aanaa kan turan, namni ganna 38 Biraanuun ammoo hojjetaa humnaa akka turan himu namni kun. Barsiisaa Kitilaan maaliif akka ajjeefaman hin beeknu, qaamni dhufee badiin isaa kana nuun jedhes hin agarre jedhu maatiin. Amma dura sababa ABO deeggarta jedhuun irra deddeebiin hidhamaa akka turellee himu. Ajjeechaawwan kunneen iddoo humnooti mootummaa hidhattootaan lolaa jiran qofatti kan daangeffame miti. Guyyaa barsiisaa Kitilaan mana isaatii qabame bariitu Jimaata, Sadaasa 20 iddoo sochiin hidhattootaa badaa hin mul'anne Ambottis waan wal fakkaataatu ta'e. Galaanaa Immaanaa kan umuriin isaa mana 40 keessa akka ta'u maatiin tilmaaman miseensota humna addaa hanga 20 ta'aniin halkan naannoo sa'aatii 4 mana isaatii qabamee fudhatamuu himu maatiin.
Abbaa ijoollee lamaa kan ture Galaanaan hojii dhunfaa hojjetee maatii isaa bulchaa ture jetti BBC'n kan dubbiseen obboleettiin quxisuu isaa Caaltuu Immaanaa. Isheen kan jiraattu naannawa magaalaa Finfinnee ta'uu kan himtu Caaltuun, Jimaata qabamuu isaa erga dhageesseen booda, Sanbata gara Amboo imalte. Guyyoota lama itti aanan boqonnaa malee manneen hidhaa fi waajjiraalee poolisii magaalaa Amboo keessa barbaadaa oolanis argachuu hin dandeenye. "Dilbata gara kaampii poolisoota humna addaa Sanqallee jiru deemeen nama karra gubbaa ture, itti booyee kadhadhe. Maqaa erga na gaafatee booda, hin argattanii hin barbaadinaa," naan jedhee jetti. "Galaanaan leenjiif bakka biraatti ergamuu isaafi eessa akka ta'e yeroo murtaa'e booda bilbilaan maatiitti akka himamu natti hime," jetti. Wiixata Sadaasa 23 Galaanaan ajjeefamuu isaa marsaalee hawaasaa irratti odeeffamuu eegale jetti Caaltuun. "Durumas namni tokko ajjeefamee argameera oduu jedhu dhagahaa turre. Nuti garuu poolisiin akka hidhame waan beeknuuf oduu namni ajjeefame jedhuuf xiyyeeffannaa hin kennine," jetti. Kibxata gara waajjira poolisii Aanaa Amboo deemuun waa'ee nama ajjeefame jedhame yoo gaafatan - poolisiin nama qarqara laga Daabisitti ajjeefame tokko kaasee awwaaluu isaa dhagahan. "Suuraa fi wayita qabamee ture uffata akkamii uffatee akka ture erga nu gaafatanii itti himnee booda, isa ta'uu nuuf mirkaneessan. Rasaasaan rukutamee akka du'eefi qarqara laga Dabbisii eeruu uummataan akka argame, odeeffannoon waa'ee maatii isaa ibsu waliin argame waan hin turreef poolisiin akka awwaale nutti himani," jetti. Reeffa baasanii fudhachuun adeemsa hedduu waan qabuuf galanii bakka reeffi isaa hin jirretti akka boochifatan akka itti himames himti Caaltuun.
"Nuti kan beeknu qabamuu isaa qofa ture. Yakki isaa maal akka ta'e, seeratti dhiyeessuu caalaa maaliif ajjeesuu akka filatan wanti beeknu hin jirus," jetti. Galaanaan deeggaaraa ABO ture. Bara 2018 wayita ABO'n gara biyyaa deebi'u miseensa koree simannaa akka tures Caaltuun BBC'tti himteetti. Qondaalota komiishinii poolisii Oromiyaa irraa waa'ee ajjeechaawwan kanneenii deebii argachuuf irra deddeebiin yaaliin goone hin milkoofne. Haa ta'uutii dhimmicha irratti kan dubbisne dubbi himaan Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Geetaachoo Baalchaa, ''maqaa Shaneetiin namni akka hin miidhamne kallattiin kaahamee hojjetamaa jiraa'' jedhan. ''Yakki isaanii kan beekamuu fi kan uummatni shakkee saaxileen alatti tarkaanfiin akka hin fudhatamne kallattiin ifa ta'e kennameeti kan hojjetamaa jiru'' jedhan. Ajjeechaa nama nagaa irratti raawwatame quba hin qabu kan jedhan Obbo Getaachoon "caasaan nageenyaas, caasaan mootummaas badii geessiseera taanaan itti gaafatama" jedhan. Komiishiniin Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa Sadaasa keessa qofa ajjeechaawwan humnoota nageenyaa mootummaan Oromiyaa keessatti raawwatan 12 galmeessuu BBCtti hima. Ajjeechaa Onkoloolessa 23 magaalaa Naqamteetti dargaggoota shan irratti raawwate dabalatee ajjeechaawwan raawwataman garii qorachaa akka jirus komishinichi ibseera. "Akka komishiniitti wanti hubanne wal-dhibdeen siyaasaa Oromiyaa keessa jiru, lammilee nagaa gatii qaalii kafalchiisaa akka jirudha" jedhu gorsaan komishinara komishinichaa Obbo Imaad Abdulfattaa. Lammileen nagaa qaamolee mootummaanis hidhattootaanis ajjeefamuu yaadachiisanii, ammatti 'baay'ee nu yaachisa' jedhan. BBC'n jiraattota Godina Horro Guduruu aanaa Abbaay Coomman lama kan Mudde 08 hidhattoonni namoota nagaa 7 ajjeessuu dubbatan haasofsiiseera.
Jiraattonni nageenya isaaniif jecha maqaan isaanii hin ibsamne kunneen, Kibxata galgala sagalee guddistuudhaan walgahii hatattamaaf akka bahan ajajamuu dubbatu. "Nama saddeet ta'u, rifeensi isaanii dheeraadha, fuula isaaniittu wayyaa maratanii turan. Amaara warri taatan ka'aa jedhan. Dura nama lama qofa ture kan ka'e, booda warri kaanis sodaatanii ka'an." "Warri kaan galaa jedhanii warra ka'an fudhatanii deeman. Ni gadhiisu jennee eegaa turre. Ganama namni 7 bakka tokkotti ajjeefamanii agarre, sadi ammoo madaa'anii yaalamaa jiru," jedhu jiraataan kun. Taatee biraatiin achuma godina Horro Guduruu Aanaa Amuruutti namoonni 14 hidhattootaan ajjeefamuu Obbo Geetaachoo Baalchaa BBC'tti himaniiru. Erga yeroo dhiyoo as haleellaan hidhattootaan Godina Horro Guduruu keessatti raawwatamaa hammaateera, hedduus hin gabaafamne. Jalqaba baatii kanaa hidhattoonni baankii lama kan ganda Hagamsaa jedhamtu dhiyeenya warshaa shukkaaraa Fincaa'aatti argamtu keessa jiran saamuu jiraattonni fi hojjetaan baankii tokko BBC'tti himeera. Sababa kanaanis bulchiinsi magaalaa Shaambuu guyyaa tokkoo oliif tajaajila baankii adda kutee ture. Hangi maallaqa saamamee hin beekamu. Dabalataan ambulaansiin dubartii deessuu gara buufata fayyaa geessaa turte akkasumas konkolaataan geejjibaa dhuunfaa biroo tokko hidhattootaan dhiyeenya magaalaa Shaambuutti abiddaan gubachuu jiraattonni ni himu. "Osoo minibaasiitti abidda hin qabsiisin imaltootarraa bilbila moobaayilii fi maallaqa guurratan," jedhan jiraataan magaalaa Shaambuu tokko. Haleellaa biroo konkolaataa geejjibaa gara Finfinnee imalaa ture tokko irratti hidhattootaan raawwatame hordofuun geejjibni gara Finfinnee guyyoota muraasaaf adda citee akka tures jiraattonni ni himu. Gama kaaniin lubni mana amantaa haarawa dhiyeenya warshaa shukkaaraa Fincaa'aatti argamu tokko keessa tajaajilan tokko Mudde 17 hidhattootaan ajjeefamu hojjetaan warshichaa tokko BBC'tti himeera.
Ajjeechaawwan kunneen maaliif akka raawwataman wanti beekamu hin jiru. Qondaalonni mootummaa kan ofii isaanii qiyyaafannaa hidhattootaa keessa jiran odeeffannoo kennuuf hin argamani. Torbee darbe naannoo warshaa shukkaaraa Finca'aa dhukaasni hidhattootaa fi humnoota mootummaa jidduutti akka ta'e amanamu dhagaahamaa turuu himu jiraattonni. Mootummaan irra deddeebiin hidhattoota 'ABO-Shanee' ittiin jedhu baankii saamuu, qondaalota mootummaa fi lammiilee nagaa ajjeesuun himata. TPLF irraa ergamaa fi deeggarsa maallaqaa fudhachuun biyyaa gooluuf socho'u jedhee yakka. Hidhattooti kun waan mootummaan ittiin isaan himatu ni waakkatu. Akka mootummaan jedhutti lolli Tigraay eegaluu guyyoota sadiin dura haleellaa hidhattoonni kunneen Lixa Wallagaa, Gullisootti raawwataniin yoo xiqqaate namootni nagaa 34 walgahiif waamamanii ajjeefamaniiru. Kanneen lubbuun haleellaa kanarraa hafan akka jedhanitti haleellaan kun dhalattoota Amaaraa naannicha qubatan irratti xiyyeeffate. Jiraattonni akka jedhanitti loltoonni raayyaa ittisaa achi turan tasa naannicha gadi dhiisanii bahuun isaanii haleellaaf isaan saaxileera. Poolisiin Oromiyaa ibsa Sadaasa 18 baaseen haleellaa haaloo bahumsaatiin hidhattoota ajjeechaa kana raawwatan 142 ajjeesuu beeksise. Lakkoofsi hidhattoota mootummaan yeroo adda addaa akka ajjeese himu salphaa miti, haa ta'u malee lolli hidhattoota waliin taasifamu xumura godhachuuf fagoo jira. Guraandhala bara darbe BBC waliin gaaffii fi deebii kan taasisan itti aanaa Itaamaazhuur Shuumiin yeroosi fi Itaamaazhuur Shuumiin Raayyaa Ittisaa ammaa jeneraal Birhaanuu Juulaa, tarkaanfii fudhatameen 'hidhattoota muraasatu hafe' jedhanii turan. Lixa Oromiyaa iddoowwan muraasa qofatti akka hafan, Gujii lamaan guutummaati hidhattootarraa bilisa gochuu fi Boorana keessaas bahanii gara daangaa Keeniyaatti baqachuu himanii turan.
Lixa Oromiyaa iddoowwan muraasa qofatti akka hafan, Gujii lamaan guutummaati hidhattootarraa bilisa gochuu fi Boorana keessaas bahanii gara daangaa Keeniyaatti baqachuu himanii turan. Haa ta'u malee ergasii hidhattoonni kunneen argama isaanii gara Jiddugaleessaa fi Baha Oromiyaatti babal'isaanii jiru. Iddoowwan kanneenitti mootummaan irra deddeebiin qaamolee kanarratti tarkaanfii fudhachuu hima. Booranatti mucaan xiqqaa horii tiksu hidhattootaan ajjeefamuu hordofee, Abbaan Gadaa Kura Jaarsoo 'ABO-Shaneen diina uummataati' jechuun labsaniiru. Abbaa Gadaa Kuraan akka jedhanitti hidhattoonni kunneen yeroo dheeraaf kan keessa socho'aa turan naannoo daangaa Itiyoophiyaa fi Keeniyaatti namoota nagaa ajjeesuu, dubartoota gudeeduu fi loon saamuun uummataaf gamsiisan. MM Abiy Mudde 09 wayita gara Keeniyaa imaluun Mooyyaleetti buufata daangaa biyyoota lamaan jidduu jiru eebbisiisan hidhattoota kana al-Shabaab waliin maqaa dhahan. Biyyoonni lamaan jireenya uummataa jijjiiruuf 'ABO-Shanee' fi al-Shabaab naannoo sanaa dhabamsiisuu qabu jedhan.
Manni Murtii ajjeechaa Haacaaluu Hundeessaa ilaalchisee ragaalee abbaa alangaa dhaggeeffachuu eegale Manni Murtii Olaanaa Federaalaa galmee namoota ajjeechaa Artiist Haacaaluu Hundeessaan himataman irratti jecha ragaalee abbaa alangaa dhaggeeffachuu eegale. Mana Murtii Olaanaa Federaalaa damee Lidataatti dhaddachi farra shororkeessummaa fi yakkaa dhimmoota heeraan galmee namoota ajjeechaa artiist Haacaaluu Hundeessaan himataman irratti jecha ragaalee abbaa alangaa sadi dhaggeefateera. Manni murtichaa ragaalee abbaa alangaa har'a ganama dhaggeeffachuuf turus abukaatoon ittisaa dhimmicha qabatanii jiran waan hin argamneef waaree boodatti dabarsee ture. Haaluma kanaan har'a waaree booda ragaaleen abbaa alangaa sadi jecha isaanii kennaniiru. Abbaan Alangaa ragaaleesaa keessaa tokko qabiyyeen jecha isaa ragaalee birootin waan wal fakkaatuf jecha osoo hin kennin gaggeesse jira. Abbaan Alangaa walumaagalatti ragaalee namootaa 13 kan qopheesse yemmuu ta'u manni murtichaa jecha ragaalee hafanii dhaggeeffachuf boru Sadaasa 24 bara 2013ti beellama qabateera. Dhaddacha ganama har’aa irratti namootni ajjeechaa artiist Haacaaluu Hundeessaan himataman afur Xilaahun Yaamii, Kabbada Gammachuu, Abdii Alamaayahu fi Laamrot Kamaal argamaniiru. Maatiin Artiist Haacaaluu Hundeessaas akkasuma mana murtichaatti argamaniiru. Dhaddachi sa'a booda gaggeeffame kun sababa abukaatoon Mana Murtii Waliigalaatti Waajjirra Abukaatoowwan Ittisaa irraa dhufan kanneen dhimmicha qabatan sababa hojiin dhaddacha har’aa ganamaa irratti hin argamneef gara sa'a boodaatti darbee turee. Sababni isaas ganama bilbilaan akka itti himamefi galmicharratti akka hin qophoofne dubbatan. Kanaaf “himtamtoota hin haasofsiisne, ittis hin qophoofne. Ragaaleen yaa dhagahaman yoo jedhame mirga himatamtootaa kan sarbudha.
Kanaaf beellamni biraan yaa kennamu” jechuun abukaatoon ittisaa gaafataniiru. Abbootin seeraa galmicha ilaalan gama isaaniitin “ebalu hin jiru jechuun quubsaa miti” jechuun sababa abukaatoon ittisaa dhiyeessan kuffisan. Kana malees dhimmichi abukaatoo ittisaa akka nama tokkotti osoo hin taanee Waajjira Abukaatoo Ittisaa kan ilaallatu waan ta’ef namni kamiyyuu yoo ramadame dhimmichi ilaallamuu akka qabu himan. Wanti gama abukaatoowwan ittisaan raawwatame dhaabbachuu akka qabu, yoo ta’uu baate garuu waajjiricharratti ajaja akka barreessan abbaan seeraa akeekkachiisan. Kan iarraa ka'uun ture manni murtichaa ragaalee abbaa alangaa dhaggeeffachuf waaree boodatti kan beellamee ture. Himatamtoonni tokkoffaa hanga sadaffaa jiran, Xilaahun Yaamii, Kabbada Gammachuu fi Abdii Alamaayahu abukaatoo dhuunfaa dhaabbachuuf humna akka hin qabneefi himatamtuun afraffaa Laamrot Kamaal immoo abukaatoo dhuunfaa dhaabbachuuf humna qabaattus abukaatoo dhaabbattu akka dhabde mana murtichaatti himuun isaanii ni yaadatama. Haaluma kanaan Mana Murtii Waliigalaatti Waajjirra Abukaatoowwan Ittisaarraa abukaatoon ittisaa ramadameefii dhimmi isaanii ilaallamaa jira. Namoonni ajjeechaa Artiist Haacaaluu Hundressaan himataman afran seera yakkaa bara 1996 bahe keewwata 32/1/A fi B akkasumas labsii yakka shororkeessummaa ittisuufi to’achuuf bahe 1176/2012 keewwata 3/2 darbuun himatamuun isaanii ni yaadatama. Artisti Haacaaluu Hundeessaa Waxabajjii 29, 2020 halkan keessaa sa'aatii 3:00 booda magaalaa Finfinnee naannoo kondominiyeemii Galaanitti akka ajjeefamedha poolisiin kan ibse. Ergasii kutaalee Oromiyaa garaagaraa keessatti hookkara ka'ee tureen namootni kumaatamaan lakkaa'aman to'annoo seeraa jala oolaniiru.
Ergasii kutaalee Oromiyaa garaagaraa keessatti hookkara ka'ee tureen namootni kumaatamaan lakkaa'aman to'annoo seeraa jala oolaniiru.
Haqa: Abukaatoonni Obbo Jawaar, Obbo Baqqalaafi kaan doorsisinniifi miidhaan nutti hammaachaa jira jedhan Abukaatota Obbo Jawaar Mohaammad fi Baqqalaa Garbaa dabalatee hidhamtoota biroof kan seeraan dhaabbataniif falmaa jiran yeroo dhihoo asitti doorsisniifi haleellaan nurra gahaa jira jechuun BBCtti himan. Ajjeechaa wellisaa Haacaaluu Hundeessaatiin booda hogganoota paartilee siyaasaafi miseensota dabalatee galmeen himannaa namoota too'annaa jala oolfaman kan biroos manneen murtii adda addaatti ilaalamaa jira. Namoota himataman kanaaf abukaatoo dhaabbatanii falmaa kan jiran ammoo ogeessonni seeraa garee tokkoon socho'aniifi miseensota 13 qabantu jira. Abukaatonni kunneen Obbo Jawaar Mohaammad fi Obbo Baqqalaa Garbaa dabalatee dhadhacha himatamtoota biroo irratti gareedhaan dhaabbatanii falmu. Oeessonni seeraa kunneen ogummaa qabnuun maamiltoota keenya tajaajilaa jiraannus sababa namoota himataman kanaaf falminuuf yeroo dhihoo asitti doorsisinii fi haleellaan nurra qaqqabaa jira jechuun komatu. Garee Abukaatotaa kanneen bakka bu'uun BBC'dhaaf yaada isaanii kan kennan Obbo Misgaanuu Mul'ataa waan isaanirra gahe himuudhaan jalqaban. "Mana murtii Magaala Buraayyuutti himatamaa tokkoof falmee yeroon bahu, poolisii natti erganii biirootti na waaman. Sana booda akkuma waajjira seeneen arrabsoodhaan na jalqabe. Bilbila narraa fuudhee sakatta'e. Ati shaneedha jedhanii na hidhan" jedhu. Kanana alattis, Magaala Finfinnee waajjira Poolisii Araadaatti abukaatota achitti argaman poolisiidhaan meeshaa waraanaatiin doorsifamanii ari'amuus himan. Akkasumas konkolaataa Abukaatotaa cabsuun dokumantiin kan jalaa hatames akka jiru himu Obbo Misgaanuun. "Hidhamuun, arrabsamuun xiqqeeffamuun, doorsifamuun namootni naannoo jireenyaa hanga gadhiisanii deemutii gahan jiru. Kanaafuu dhiibbaa mul'atuu fi xiinsamuutu nurra gahaa jira" jedhaniiru.
Kanaafuu dhiibbaa mul'atuu fi xiinsamuutu nurra gahaa jira" jedhaniiru. Dhimma kanarratti kan gaafanne itti aanaan Abbaa Alangaa Waliigala Federaalaa Obbo Fiqaaduu Tsaggaa, dhiibbaa abukaatonni nurra gahe jedhan kana ilaalchisee ''odeefannoon waajjira keenya gahe hin jiru'' jedhan. "Odeeffannoo kana hin qabu ani. Isaan ogeessotta seeraati. Seera waan beekaniif komii akkanaa yoo qabaatan eenyu biratti iyyachuu akka qaban warra beekaniidha. Hanga ammaa komiin gama kanaa tokkoyyuu nu bira hin dhufne" jedhan. Hanga ammaatti abukaatonni dhadhacha irratti bilisummaadhaan yoo falman argaa turre kan jedhan Obbo Fiqaaduun, komii akkanaa yoo qabaatanis dhaddachumarratti wanti kuni nuuf haa sirratu jedhanii kaasuu ni danda'u jedhan. Haata'u malee, ''dhiibbaan Abukaatotarra gahuun garuu madaallii kamiinuu fudhatamaa kan hin qabnedhas'' jedhan. "Namni dhuunfaa waan kana raawwachuu mala. Akka waajjiraatti garuu wanti kuni ni raawwatama jedhee hin yaadu. Yoo ta'ee argames yakka guddaadha. Isaan warra mirga hidhamtootaa kabachiisaniidha. Garuu dhugummaa komii kanaa irraa shakkiin qaba," jedhan Obbo Fiqaaduun. Abukaatonni dhiibbaa irra gahe ragaa qabatamaa yoo qabaatan gara waajjira Abbaa Alangaa Waliigala Federaalaatti dhiyaachuun komii isaanii dhiheessuu akka danda'an yaadachiisaniiru Obbo Fiqaaduun.
'Yeroo namni kiisii namaa keessatti kajeelutti amanamaa ta'ee argamuun na boonse'-dargaggoo maallaqa lafaa argee abbaaf deebise Godina Iluu Abbaa Booritti dargaggoon maallaqa lafa bu'e argatee abbaaf deebise, ''Yeroo namni kiisii namaa keessatti kajeelu kanatti amanamaa ta'ee argamuun naboonse,'' jechuun BBCtti hime. Aanaa Diiduutti hojii daldalaa irratti bobba'anii kan jiran Obbo Araddaa Takkaa, meeshaalee daldalaaf isaan barbaachsu bituuf birrii 11,000 qabatanii doqdoqqeedhaan gara magaalaa osoo imalanii maallaqicha karaatti kan jalaa bu'ee bade. Isaanis birriin isaanii kun osoo doqdoqqeedhaan imalanii akka bade waan baraniif, akka deebi'anii hin arganne yaadanii gaddanii mana isaaniitti deebi'an. Guyyaa tokkoon booda dargaggoo Badiruu Yaasin leenjiidhaaf bakka jiraatu ganda baadiyyaa irraa gara magaalaa osoo imaluu birrii 11,000 kan maramee daandii cinaa ciisutti bahe. "Jalqaba yoon argu nan rifadhe. Akka waan firri kiyya du'e wayiitti naasuu keessan seene. Yeroon birricha argu tarii namatu lafa kaa'ee ittiin na madaalufii laata jedhees yaadeera. Garuu birrichi kan ala bule waan ta'eef akka namni hin keenyen bare," jedha. Birriin inni lafaa argate kun bokkaan itti roobee waan tureef walitti qaqqabatee lakkaa'uufis kan hin mijanne waan ta'eef, akkuma lafaa kaasetti gara waajjira poolisiittin qajeele. "Birricha deemetin waajjira Poolisiitti galchee galmeessise. Sanbooda walgahii sanarra namni hedduun waan tureef, birrii lafaa argeen waajjiratti galmeesiseen jira namni isin jalaa bade dhaqaa fudhadhaa jedheetin hime. Kanumaan abbaan argamee dhaqee fudhate," jedha. Yeroo inni 'birrii kuma 11 lafaa argadhee waajjira poolisiitti galcheera' jedhee himu kanattis namootni isa bira jiran akkamitti birrii lafaa argatte waajjira poolisii geessita jedhanii akka raajeffatan hima.
Yeroo inni 'birrii kuma 11 lafaa argadhee waajjira poolisiitti galcheera' jedhee himu kanattis namootni isa bira jiran akkamitti birrii lafaa argatte waajjira poolisii geessita jedhanii akka raajeffatan hima. Inni garuu gocha isaa kanatti hedduu akka gammadeefi namootni biroos irraa barachuu akka qaban hima. "Yeroo kanatti birrumtuu hin jiru waan ta'eef lafaa argatanii galchuun ni ulfaata taha. Inni kaan isuma kiisii namaayyuu akkamitti jalaa fudhadhu jedhee hawwa. Animmoo yeroo kanatti amanamaa ta'ee argamuutti nan gammada. Sabni kiyyas akka itti gammaduufi irraa baratu nan yaada," jedha. Namoonni qabeenya isaanii akka hin banne dursanii eeggachuu akka qabanii fi waan dafqa ofiitiin hin arganne kan ofii gochuuf hawwuu akka hin qabnes dhaame. Birriin jalaa bade kan deebi'eef obbo Araddaa Takkaas hedduu akka gammadan dubbatan. "Birriin kiyya bade argamuutti baayyeen gammade. Bara kana dargageessi birrii lafaa argatee namaa deebisu jira jedhee yaadee hin beeku. Kuni amanamummaa guddaadha baayyeen gammade. Namni kaanis mucaa kanarraa amanamummaa baruu qaba," jechuun BBC'tti himan.
OBN namoota 'Oromoof oolmaa oolan' jedheef beekamtii kenne Oromia Broadcasting Network(OBN) qophii addaa bara haaraa Finfinnee Galma Gidduu gala aadaa Oromootti qopheesseen ''qabsaa'ota fi hayyoota Ummata Oromoof oolmaa guddaa oolaan'' jedhe badhaasuun beekamtii kenneef. Namoota qophii kanarratti beekamtiin kennameef keessa kanneen lubbuun jiranii fi hin jirre kan argaman yeroo ta'u namoota kallattii garaa garaan saba Oromoof gumaachantu yaadatame. Sagantaa kanarratti falmaan mirgaa artiist Haacaaluu Hundeessaaf dhaabbatichi beekamtii addaa kennuun maatii isaaf kennaa qarshii miiliyoona 10 gumaacheera. Qarshiin miiliyoona sadii bulchiinsa dhaabbatichaarraa miiliyoonni torba ammoo miindaa ji'aa hojjettootni dhaabbatichaa kennan ta'uun sagantaa kanarratti himameera. ''Aartiin waraana ta'ee mo'achuu akka danda'u qabataman kan agarsiise, goota guyyaa xiiqii, waca diinaatiif kan hin jilbeeffanne, kan dhugaa dubbachuu hin sodaanne, goota Itoophiyaan guutuun yaadatu dha'' jechuun artiist Haacaaluu ibseera dhaabbatichi. Abbaan artiist Haacaaluu Obbo Hundeessaa Boonsa wayita badhaasa kennameef fudhatan qeerroof ergaa dhaaman. "Oromoon Goota, baayyinas qaba, beekaas qaba, jabeenyas qaba, tokko tokko kana keessa mala malaa galteet nama keenya balleessaa jirti, ijaa kanaa yaa dargaggoo Oromoo yaa qeerroo Oromoo jabaadhaatii falmadhaa biyya keessaniif, biyya keessan jaaladhaa" ergaa jedhu dhaaman. "Haati ofii biyya ofiiti jabaadhaatii biyya keessaniif falma. Hojjaan itti argisiisaa biyya keessaniif'' jedhan. Beekamtii dhaabbatichi qopheesse kan pireezidantiin MNO Obbo Shimallis Abdiisaa ergaa baga geessanii dabarsaniiru. Gootni baddaa Baalee kan umrii ijoollummaa isaanirraa eegaluun bilisummaa saba isaaniif qabsa'anii fi lola dhoombiriin yaadataman Koloneel Aliyyii Cirrii namoota beekamtii argatan keessaa tokko.
Gootni baddaa Baalee kan umrii ijoollummaa isaanirraa eegaluun bilisummaa saba isaaniif qabsa'anii fi lola dhoombiriin yaadataman Koloneel Aliyyii Cirrii namoota beekamtii argatan keessaa tokko. Haati warraa koloneel Aliyyii Cirrii aadde Moominaa Baatiitu waltajjicharratti aragamuun badhaasa qarshii kuma 100 fudhatan. ''Qubee Afaan Oromoo seera qabsiisuudhaan hayyuu saba Oromoof gumaacha taasise'' jedhamuun ammoo Dr. Haayilee Fidaaf beekamtiin kennameera. Umrii xiqqoo addunyaa kanarra jiraateen ''tokkummaa biyyaa, walqixxummaa sabaaf sablammootaaf qabsaa'uun guddoo gumaachuun isaas ibsameera. Artistii guddina aadaa fi Afaan isheef bara jireenyaa ishee guutuu gumaachaa jirtu Haloo Daawweefis beekamtiin kennameera. Albama 18 kan hojjette Haloon erga dhiyootii rakkoon fayyaa ishee qunnameera. Dhaabbatichi badhaasa qarshii kuma 100 gumaacheef. Barreessaa, hayyuun seenaa fi aadaa Obbo Alamaayyoo Haayilees namoota dhaabbatichi beekamtii kenneef isaan biroodha. Qorattuu seenaa lammi biyya Jappaan moggaasaan maqaan Oromoo Lookoo Duuba jedhu kennamee fi sirna Gadaa Oromoo qo'achuun kitaabas kana barreessan Dr. Chikaagee Obaais dhaabbatichi beekamtii kenneera. Barreessaa barsiisaafi ogeessa xiinsammuu kan ta'e dargagoon kitaaba 40 barreesse obbo Eebbisaa Baayyisaas kanneen beekamtiin kennameef keessaati. Dhaabatichi bara darbes akkasuma namoota Oromoof oolmaa oolan filatee badhaaseera.
Tuurizimii: Sochiin tuurizimii sababa Covid-19n qabbanaa'e yoom fooyya'a laata? Diinagdee Itoophiyaa fooyyessuu keessatti dhimmoota ijoo ta'an shan keessaa tuurizimiin isa tokko. Waggaa darbe kabaja ayyaana Masqalaa fi Irreechaa hordofee daawwattoonni heddu gara biyyattii imalanii turan. Banamuu Paarkii Tokkumaa dabalatee eddoowwan hawwata tuurizimii biroo banamaa jiraachuusaaniitii seektarri kun haalaan fooyya'aa jiraachu ogeeyyiin ni ibsu. Adoolessa 2011 hanga Hagayya bara 2012'tti daawwattoonni wallakaa miiliyoonaa ol ta'an gara Itoophiyaa imaluusaanii maddeen ni himu. Haa ta'u malee seektarri tuurizimii abdii guddachuu olaanaa qabaachaa ture sababa weerara Covid-19n qabbanaa'aa dhufeera. Namoonni seektara kana keessatti kallattiidhaan hirmaatan muraasni yaadasaanii BBC'tti himaniiru. Dargaggoon Awwal Sulxaan hojii daawwachiisummaa waggoota saddeetiif hojjateera. Innis jiraataa magaalaa Diinshoo yoo ta'u, daawwachiisaa ta'uun godinaalee Oromiyaa adda addaa akka Baalee, Boorana, Harargee, Paarkii Biyyaalessaa Abjaataa fi Shaallaa, Haroo Laangannoofi isaan kaan daawwachiisuun jiraata. Bara kana garuu weerarri koronaavaayirasiin namoota akkasaa hojii daawwachiisummaarratti hirmaatanitti miidhaa guddaa geessiseera jedha. "Sochiileen tuurizimii Covid-19 booda haalan gadi bu'aniiru. Namoonni jireenyasaanii galii tuurizimiirraa argataniin jiraatan jiru; isaan yeroo ammaa kanatti maallaqa asiin dura qusatanitti fayyadamaa jiru. "Muraasni isaanii maallaqa qusatan xumuranii rakkoof saaxilamaniiru. Fakkeenyaaf, ani maallaqni harkaa qabu waan dhumateef hojii biraa hojjachuu jalqabeera." Gama biraatiin namoonni hojiilee akka hoteela kireessuu, meeshaalee aadaa hojjatanii gurguran, waldaadhaan gurmaa'uun fardeen kireessan, daawwachiisaniifi isaan kaan yeroo ammaa kanatti hojii malee taa'aa jiru jedha Awwal.
Lubni Asaffaa Laggasaa Naannoo Amaaraatti jiraataa magaalaa Laalibalaati. Waldaa Fardeen Laalibaa waggoota 30 bulchaa ta'uun akkasumas gaangee kireessuun kan jiraatan. Waldaansaanii gaangee kireefaman 600 qaba ture. Asiin dura gaangeetti fayyadamuun eddoowwan garaa garaa turistoonni daawwatan geessuun ji'atti hangaa birrii 3,000 irra argataa akka turan himu. Erga weerarri koronaavaayirasii mudatee as garuu sochiileen kunneen itti fufuu hin dandeenye. "Magaalaan keenya daawwannaarraa galii guddaa argatti; amma kunoo erga lammii biyya alaa arginee ji'oonni torba darbaniiru," jedhu. Kana malees ''Yeroo ammaa kanatti galii gaangee kireessinee argannu caalaa nyaata gaangeef baasnutu guddaadha'' jechuun haala keessa jiran himu. Kanarraa ka'uun miseensonni waldichaa gaangee gurguruun jireenyasaanii jiraataa akka jiran himu Lubni Asaffaa Laggasaa. Kanaanis baay'inni gaangee waldichaa 600 irraa gara 106'tti gadi bu'eera jedhu. Rakkoon kun itti fufa yoo ta'e miseensonni waldichaa hundi gaangeesaanii ni gurguru ta'e waldichi diigamuu danda'a jechuun sodaasaanii himu. Dargaggooni Gu'uush hojii daawwachiisummaan magaalaa Aksuum keessatti hojjachuun jiraata. Innis daawwattoota Aksuum irraa Maqalee, Adwaa fi Garaltaa qabatee deemuun daawwachiisa. Ta'us garuu erga weerarri koronaavaayirasii mudatee as lakkoofsi daawwattoota hir'achuu fi lammiilee biyyoota alaa erga arganii bubbuluusaanii dubbata. "Kanarraa kan ka'e galii tokkollee hin qabu. Dhiibbaan Covid-19 jireenya keenyarraan gahe salphaa miti," jedha. Galiin argatan hir'ataa dhufuusaatiin waldaan waahilootasaa waliin hundeessan haalan gad bu'uu fi miseensonni waldichaa abdii kutachuusaaniitiin isaan jiddutti waldhabdeen uumamuusaa ibsa dargaggoon Gu'uush.
Sababa weerara Covid-19 daawwattoota biyyoota alaarraa dhufan qofa osoo hin taane tuurizimiin biyya keessaa miidhameera jedhu Tuurizimi Itoophiyatti daayirektara kan ta'an Obbo Silashii Girmaa. Weerara koronaavaayirasiirraa kan ka'e Muuziyeemiin biyyaalessaa, Paarkiin Tokkummaa fi isaan kaan cufamanii waan turaniif daawwattoonni sababa barnootaatiifi yookiin bashananaaf daawwatan akka hin turre dubbatu. Obbo Silashiin ammallee sochiileen banaa ta'uusaa ibsuun saffisaan ni fooyya'a jennee kan yaadnu daawwattoota biyyoota alaarraa dhufan osoo hin taane isaan biyya keessa jiraniidha jechuun abdiisaanii ibsu. Obbo Silashiin yaaddoon koronaavaayirasii hir'atee sochiin tuurizimii ni fooyya'a jedhanii kan eegan tuurizimii Afriikaati. Daawwattoota Afriikaaf Paarkii Inxooxoo, Shaggar fi Tokkummaa fi bakkeewwan haaraa isaan asiin dura jiran waliin walitti ida'amee daawwattoota hedduun akka daawwataman abdii qabu. Erga weerarri koronaavaayirasii mudatee as carraa hojii heddu miidhamaniiru kan jedhan Obbo Silashii Girmaa; carraan hojii akka hoteelaa, manneen nyaataa fi shubbisa aadaa, tajaajiloota daawwachiisummaa, geejjibaa, uffannaa fi kaan miidhamuusaanii BBC'tti himaniiru. Dhiibbaa Covid-19 geessise yoo ibsan miidhaa dhaabbatasaaniirratti gahe ibsuun jalqabu. Tuurizimii Itoophiyaa, Itoophiyaa jiddu gala tuurizimii gochuuf karoora qabatee ture koonfiransii Jarman, Firaankifartitti taasisuuf ture haquusaa himaniiru. Dabalataanis dhaabbilee adda addaa waliin agarsiisa diinagdee taasisuuf karoorsan akkasumas leenjiiwwan naannoleetti kenninuuf yaadasaanii adda kutuu dubbatu. Weerarri Covid-19 akka biyyaatti galii biyyattiin gama seektara tuurizimiin argachuu dandeettu doolaara biiliyoona biiliyoona akka dhabdu taasiseera jedhu Obbo Silashii Girmaa. Itoophiyaan biyyoota addunyaa biroo waliin yoo wal bira qabamtee ilaalamtu jiddu gala tuurizimii kan taateef sababni tokko hambaalee aadaa, seenaa fi qabeenya uumamaa, inni lammaffaan gatiin tajaajilli itti kennamu rakasa ta'uusaa fi inni sadaffaan ammoo haalli nageenyaa fooyyee qabaachuusaatiin akka ta'e dubbatu Obbo Silashiin.
Itoophiyaan biyyoota addunyaa biroo waliin yoo wal bira qabamtee ilaalamtu jiddu gala tuurizimii kan taateef sababni tokko hambaalee aadaa, seenaa fi qabeenya uumamaa, inni lammaffaan gatiin tajaajilli itti kennamu rakasa ta'uusaa fi inni sadaffaan ammoo haalli nageenyaa fooyyee qabaachuusaatiin akka ta'e dubbatu Obbo Silashiin. Nageenyii fi tuurizmiin fuula lama saantima tokkooti kan jedhan Obbo Silashiin, kana tiksanii eeguun namoota bashannanaaf, boqonnaaf akkasumas maatiisaanii gaafachuuf dhufanii bakkeewwan tuurizimii adda addaa Finfinnee fi kutaalee biyyattii biroo daawwatan jajjabeessuun murteessaa akka ta'e himaniiru.
Lolaa Laga Awaash: 'Guyyaa sadii fi halkan sadii qooxirra jiraanne' - jiraattota Lagni Awaash yeroo gannaa guutuun aanota Godina Shawaa Kibba Lixaa fi Shawaa Lixaa keessa jiran irraan miidhaa geessisuun, ganna dhufu hunda dhagahama. Tibba kanas lagichi guutee dambali'uudhaan Godina shawaa Lixaa aanaa Ejereetti ganda Dhiibuu jedhamu sadarkaa Guutumaatti jedhamuun akka uwwisee jiru, bulchaan gandichaa Obbo Kabbadaa Disaasaa BBC'tti himaniiru. Gandichatti lolaa kanaan qe'ee isaanii gadhiisanii amma bakka qubannaa jiraachuu kan himan Aadde Geexee Borgaa, 'bara kana balaa biyya hin jirretu nutti dhufe' jechuun himu. "Galgala naannuma sa'aatii 3 nutti dhufe. Ijoollee 2 fi abbaa manaa kiyya taanee turre. Abban manaa kiyya ijaan hin argu. Uummatatu nuu birmatee girgiddaa manaa uranii qooxii nuu hojjetan. Waan qabnu achira naqannee ofiifis achira taa'aa turre" jedha. Guyyoota sadan darbanitti bishaanichi dabaluu malee waan hin hir'isneef qooxii kanarratti guyyaa sadii fi halkan sadi dabarsuus himu. Turtii guyyaa sadii booda bidiruun isaan qaqabee amma bakka qubannaa yerootti akka argamanis dubbatan. "Waan tokkoyyuu qabannee hin baane. Lubbuuma keenya qabannee achii dhufne" jechuunis waan hamtuu isaan mudate kana ibsu. Gandicha keessa ta'ee kan balaan lolaa kuni hin qaqqabne maatii muraasa qofa. Rakkoon kuni yeroo hunda akka mudatuu fi beekamaa ta'us kan baranaa garuu hamma yaadanii olitti hammaataa ta'uus himu jiraattonni. Bulchaan Godina Shawaa Lixaa Obbo Diriirsaa Waaqumaa, battala balaan suni mudaterraa eegalee lubbuun namaa akka hin miidhmeef tumsaa turre, kanattis milkoofnerra jedhan. Bidiruu bakka adda addaa irraa ergifatameen namoota baraaraa jiraachuu fi qabeenya uummataa irra miidhaa gahu xiqqeessuufis hojjechaa jirra jedhan.
Bidiruu bakka adda addaa irraa ergifatameen namoota baraaraa jiraachuu fi qabeenya uummataa irra miidhaa gahu xiqqeessuufis hojjechaa jirra jedhan. "Lolaa kanaan abbootii warraa 526 tahantu qe'ee isaaniirraa buqqa'e. isaaniif bakka qubannaa qopheesinee jirra. Qabeenya isaanii kan akka beelladaatis akka hin miidhamneef hojiin baraaruu fi marga dhiheessuu hojjetamaa jira" jedhan. Balaan Lolaa amma gahe kuni hammaataa ta'us hawaasa miidhaan irra gahe kana dhaqabnee dandamachiisuun waan humna godinaatii ol ta'u mitis jedhan. Bara darbe yeroo kanatti lagni Awaash kuni Godina Shawaa Kibba Lixaa aanaa Iluutti namoota 7,900 caalan qe'eerraa buqqisuunsaa ni yaadatama. Komishinarri koomishinii Hoggansa Sodaa Balaa Oromiyaa Abaadir Abdaa, midhaa lagni kuni ganna dhufee darbaatti uummatarraan geessisu ittisuuf pirojektiin bo'oo lagichaa guddisuu kiloomeetira 52 aanaalee 5 keessatti hojjetamus balaa hambisuu hin dandeenye jedhan. Kanaafis sababni roobni bara kanaa guddachuu isaatin lagichi ittisa hojjetamerra darbee dhangala'uu eeran. Lagichi bara kana Aanaa Ejereetiin alatti aanaalee 4 irratti miidhaa geesisee jiraachuus himan. Balaa sababa lolaatiin dhufu kana xiqqeessuuf uummata rakkoon mudate kana waan barbaachisu dhiheessuun, rakkoo irraa hambisuuf hojjetamaa jiraachuus eeran Obbo Abaadir. "Ammatti wanti humnaa ol ta'e nu hin muudanne. Bidiruun bakka jiruu dhihaatee uummanni baraaramaa jira. Yoo wanti humnaa olii jiraacuun mirkanaa'e ammo Helikooptaraanis gargaarsa gochuun ni dandahama" jedhan.
'Qaamoleen nageenyaa tarkaanfii humnaa fudhachuurraa of qusachuu qabu'-Komishinii Mirgoota Namaa Itoophiyaa Komishiniin mirgoota Namoomaa Itoophiyaa qaamoleen nageenyaa tarkaanfii humnaa, kan madaalawaa hin taane fudhachuurraa akka of qusatan waamicha dhiyeesse. Komishiniin kun hiriira Oromiyaatti gaggeeffamaa jiruu fi miidhaa qaqqabaa jirurratti ibsa kenneen lubbuun namaa darbuu fi miidhaan qaqqabuu ibseera. Kutaalee Oromiyaa kanneen akka Asaasaa, Asaboot, Awwadaay, Roobee(Baalee), Ciroo, Dhangaggoo, Dirree Xiyyaaraa, Dodolaa, Galamsoo, Gindhiir, Haramayaa, Harar fi Shaashamannee keessatti namoonni ajjeefamuu fi miidhamuu madden garaagaraa irraa akka odeeffate ibseera komishinichi. Tarkaanfiin ajjeechaa lammiilee, hidhamtoonni paartilee siyaasaa mormitootaa, akka mana hidhaatii gadi dhiifaman hiriira ba’uun gaafatan irratti fudhatame akka Komishinii Mirgoota Namoomaa Itoophiyaatti. Dubbi Himaa fi Gorsaa Olaanaan Komishinii kanaa Obbo Aroon Maashoo,’’Qaamoleen mootummaa mirga lammiileen karaa nagana hiriira ba’uun mormiisaanii dhaggeessisuuf qaban eeguu qabu. Olaantummaa seeraa kabachiisuuf jedhanii tarkaanfiin fudhatani madaalawaa ta’uutu irraa eegama’’ jedhan. Naannoon Oromiyaa haala rakkisaa lammiilee gaaga’ama lubbuuf saaxilan keessaa ammallee hin bane kan jedhan Obbo Aroon dhiittaan mirga namoomaa haala kanaan akka itti fufu iyyamuun hin ta’u jedhan. Gabaasi miidiyaaleen garaagaraa baasanii fi miidiyaa hawaasummaarratti ba’aa jiran akka mul’isutti hanga ammaatti lammiileen hedduun ajjeefamaniiru. Komishinichi lakkoofsa namoota ajjeefamanii isa sirrii baruuf jiraattota naannoo, namoota ijaan argan, hospitaalotaa fi aanga’oota mootummaa irraa odeeffannoo walitti qabachaa jira. Mootummoonni naannoo fi federaalaa dhimma kana adda baasuuf hatattamaan qorannoo akka eegalan komishiniin kun akeekkachiiseera.
Mootummoonni naannoo fi federaalaa dhimma kana adda baasuuf hatattamaan qorannoo akka eegalan komishiniin kun akeekkachiiseera.
Oolmaa mana murtii hogganoota ABO, Caaltuu Taakkalaa fi Yaasiin Juumaa Qondaaltonni ABO, miseensonnii fi namoonni kaan miseensa ABO hin taanes Jimaata Hagayya 07 mana murtii aanaa magaalaa Sulultaatti dhihaachuu abukaatoo isaanii keessaa tokko kan tahan Dr. Tokkummaa Dhaabaa BBC'tti himaniiru. Galmee Koloneel Gammachuu Ayyaanaa jalatti kan himataman Koloneel Gammachuu Ayyaanaa, Dr Shuggux Galataa, Mikaa'el Booran akkasumas barattoota yuunivarsiitii dabalatee namoota 11. Namoota kanneen ajjeechaa wellisaa Haacaaluu Hundeessaatiin booda akka gabaan ugguramu, akka karaan cufamu, lubbuun namaa akka darbuu fi qabeenyi akka barbadaa'uuf ajaja kennuudhaan akka shakke poolisiin himeera. Ji'a tokkoon dura too'annoo jala kan oolan hogganoonni ABO kunneen mana murtiitti yoo dhiyaatan kun yeroo duraafi. Maatii fi abukaatota waliinis qunnamtii hin qaban ture. Abbaan Alangaa poolisiin qorannoo shakkamtoota kanarratti taasisaa ture akka xumuree eeruun, galmeen qorannoo cufamee shakkamtoonni gara mana adabaa akka deemaniif gaafachuus himan Dr. Tokkummaan. Manni murtichaas Abbaan alangaa guyyaa 15 keessatti himata akka banuu fi yoo guyyaa jedhame kana gidduutti himata hin banne shakkamtoonni kunneen osoo mana murtii hin dhufiin akka gadhiifaman jechuun galmeen cufameera jedhan Dr. Tokkummaan. Abokaatonni shakkamtootaa gamasaaniin maamiloota isaanii kana amma dura argatanii akka hin beekne himuudhaan gaaffii dhiyeessaniin manni murtii addatti akka dubbisaniif isaanii heyyamee akka ture dubbatu Dr Tokkummaan. Odeefannoo shakkamtootarraa argatan irratti hundaa'uunis akkaataan qabiinsaa bakka turtii mirga shakkamtootaa kan hin eegnee fi rakkoof kan saaxile ta'uu abbaa murtiitti himuu eeran. Keessumaa kanneen dhukkuba sukkaaraa fi dhiibbaa dhiigaa qaban qoricha dhibee kanaaf ta'u argachuu dhabuun rakkoof saaxilaamaa akka turan eeran.
Shakkamtoonni akka koloneel Gammachuu Ayyaanaafaa ammoo bakka amma tursiifamaa jiranitti ifa aduu fi nyaata gahaa argachaa akka hin jirres mana murtiitti ibsuu himan abokaatoon kun. Abbaan seeraas himata shakkamtoonnii fi abokaatoowwan isaanii dhiheeffatan kana ilaaluun akkaataan qabiinsa shakkamtootaa karaa mirga isaanii eegeen akka ta'u kanneen qoricha barbaadaniifis qorrichi akka dhihaatuuf ajajeera jedhan. Shakkamtoonni kunneen maatii fi abokaatoowwan isaanitiin akka daawwataman ajajamuus himan. Caaltuu Taakkalaa Gama biraatiin Caaltuu Taakkalaas har'a mana murtii aanaa Magaala Sulultaatti dhihaachuu abokaatoon kun BBC'tti himaniiru. Caaltuun ammaan dura Magaala Finfinneetti too'atamtee koomishinii poolisii magaala Finfinneetti hidhaa kan turtee fi yakka ittiin shakkamteen manni murtii sadarkaa duraa Araadaa wabii qarshii 4000'tin erga gadhiiseen booda poolisii Oromiyaatiin too'atamuun ishee ni yaadatama. Manni murtii aanaa magaala Sulultaas dhimma Caaltuu kanarratti galmee erga qorateen booda Caaltuun sababa ittiin yeroon beellamaa lammaffaan kennamu hin jiru jechuun, gaaffii Poolisiin too'annaa jala akka turtuuf dhiheesse kufaa gochuun mirga wabii duraatiin akka gadhiifamtu ajajuus himan. Lammii Beenyaa fi Daawit Abdataa sababa adda addaatiin har'a mana murtiitti akka hin dhihaanne abokaatoon isaanii Dr. Tokkummaan himaniiru. Gama kaaniin Manni Murtii Olaanaa Federaalaa ramaddii Lidataa dhaddachaa har'aatiin [Hagayya 07] ol iyyannoo poolisiin gaafate kuffisuun gaazexeessaa lammii Keeniyaa Yaasiin Juumaa dabalatee namoonni 11 mirgi wabii eegameefii akka gadi dhiifaman murteesse. Yaasiin Juumaa kan jala jiru galmee Ciibsaa Abdulkariim jalaa nama 5, galmee Jombaa Huseen jalatti ammoo namoota jaha kan mirgi wabii eegameef ta'uu Abukaatoon isaanii Obbo Abdulaxiif Amee Elemoo BBC'tti himan.
Yaasiin Juumaa kan jala jiru galmee Ciibsaa Abdulkariim jalaa nama 5, galmee Jombaa Huseen jalatti ammoo namoota jaha kan mirgi wabii eegameef ta'uu Abukaatoon isaanii Obbo Abdulaxiif Amee Elemoo BBC'tti himan. Namoonni kunneen manni murtii sadarkaa jalqabaa Roobii Hagayya 05, 2020 mirga wabii kan eegeef ta'ullee poolisiin ol iyyaannoo waan gaafateef gadi hin dhiifamiin hafan. Gaazexeessan OMN Mallasaa Dirribsaa Roobii darbe namoota kana waliin mirgi wabii eegameefi turus, Jawar Mohaammad fi namoota biroo 12 waliin galmeen qorannoo duraa waan irratti banameef mana murtiitti hin dhiyaanne jedhan Obbo Adulaxiif. Dhimmi Mallasaa Dirribsaa dhaddacha galmee qorannoo duraa ilaaluun kan ilaalamu yoo ta'u namoonni manni murtii olaanaa mirga wabii eegeef kaan ni gadhiffamu jedhamee eegama.
Haqa: Iyyata 'abbaan seeraa nurraa yaa ka’uu'' Obbo Jawaar fi kaan manni murtii kuffise Manni Murtii Federaalaa Sadarkaa Jalqabaa iyyata abbaan seeraa nurraa yaa ka’u jechuun Obbo Jawaar Mahaammad fi namootni 14 guyyaa Wiixataa Hagayya 04/2012 barreeffamaan dhiyyeeffatan kuffise. Manni murtichaa iyyatni shakkamtootni dhiyeessan dhimmoota raawwatamaniiru jedhe ragaa qabatamaan hin deeggarre jedheera. Dhimmootni qabiyyeen himataa nutti hin himamne, ragaaleen golgaa/magaarajaa duuba dhaabbatanii jecha kennuu hin qaban fi dhimmi miidiyaaleen walqabatee ka’anis, abbaan seeraa nurraa yaa ka’u jechuuf sababa hin ta’an jechuun abbaan seeraa dubbatan. Kanaafis, yaada abbaan seeraa galmee qorannoo duraa Obbo Jawaarfaa qabatanii jiran “dhimmicharraa ka’uu hin qabu” jechuun dhiyeessan manni murtichaa fudhachuunsaa himameera. Gama biraatin dhaddacha qorannoo duraa Obbo Jawaar Mahaammad keessatti kan argamu Daawit Abdataa dhaddacha har’aa irratti kan hin argamne yommuu ta’u, sababni isaas COVID-19n waan qabameef akka ta’e poolisiin hubachiisera. Abbaan seeraa Obbo Dassaaleny Fantaa jedhaman kun dhaddacha irratti yeroo adda addaa mirga dubbachuu shakkamtootaafi kan abukaatoowwan isaanii daangessaa turuu iyyata abukaatoowwan shakkamtootaa mana murtichaaf dhiyeessan keessatti eeramee ture. Gama kaaniin abbaan alangaa namootni shan golgaa duubaa akka raga bahan wayita gaafatetti wanta kana hayyamuuf haal dureen guutamuun irra jiru kan seera irratti tumame guutamuu osoo hin mirkaneeffatiin hayyameera kan jedhu ture. Hayyamuu qofa osoo hin taane abbaan seeraa kun, shakkamtoonniifi abukaatonni isaanii yaada mormii qaban akka hin dhageesifanne dhorkuus iyyata 'nuuf yaa ka'uu' kana keessatti eeramuun isaa ni yaadtama.
Hayyamuu qofa osoo hin taane abbaan seeraa kun, shakkamtoonniifi abukaatonni isaanii yaada mormii qaban akka hin dhageesifanne dhorkuus iyyata 'nuuf yaa ka'uu' kana keessatti eeramuun isaa ni yaadtama. Kana qofa osoo hin taane, abbaan seeraa kun dhaddacha irratti yeroo gara garaa murtii kennuun dura dhaddacha adda kutanii bahanii qaama hin beekamne waliin mari'atanii akka deebi'an eeruun kun bilisummaa abbaa seerichaa shakkii keessa galcheera jedhanii turan abukaatonnis. "Abbaan seerichaa bilisaafi haqa qabeessa ta’uu isaanii shakkii keessa kan galchuudha” jedhan Obbo Kadir. Haaluma kanaan abbaan seeraa fedhii isaaniitin dhaddacha dhimmicha ilaalurraa akka of kaasan yoo hin taane ammoo dhimmichi abbaa seeraa biraatin ilaallamee manni murtii abbaa seeraa kana dhaddacharraa akka kaasu murteen akka kennamu kan jedhutu gaaftamee ture.
'Qaala'iinsi meeshaalee bu'uuraa nu yaaddesse' - jiraattota magaalota Oromiyaa Erga Koronaavaayirasiin biyyattii seenee meeshaalee bu'uuraa hawaasni guyyuu fayyadamu irratti daballiin gatii mul'achaa akka ture jiraattonni BBC'tti himan. Yeroo dhihoo asitti ammoo kanneen nyaataaf oolan gatii amma dura dhagahamee hin beeknerra gahuu jirattonni magaalota Oromiyaa adda addaa ni himu. Jiraataa Magaala Adaamaa kan tahan Obbo Jarman Kabbadaa, daballiin gatii omishawan qonnaa irratti tibbana mul'ate kan amma duraarra adda jedhu. "Qaala'iinsi gatii baay'ee mul'achaa jira. Keessummaa wantoota jireenya namaatiif guyyaarraa barbaachisan irratti gatiin baayyee dabale. Fakkeenyaaf gatiin Qullubbii fi Timaatimaa akka malee dabaleera." Gabaa keessatti Qullubbiin baayinaan gurguramaa jiraatus gatii isaa irratti garuu daballii malee hir'inni akka hin jiraannes himu. Magaala Fiichee kan jiraatan Aadde Zawdituu Asaffaa, qaala'insi jireenyaa magaalota keessatti galii argamu wajjin wal-madaalaa hin jiru jedhu. "Magaala keenyatti qullubbiin/shunkurtiin kiiloogiraamni tokko hanga qarshii 45'ti, Xaafiinis kilogiraamni tokko birrii 43 caalaa jira. Walumaagala magaala keessatti gatii waan kanaatu hin daballe wanti jedhamu hin jiru. Waanuma hundatu dabale." Meeshaalee bu'uuraa jedhamuun ammaan dura karaa waldaaleetiin uummataaf kan dhihaachaa ture wantoonni akka sukkaaraa fi Zayitaas dhiheessiin isaa erga hafee waan tureef rakkoo dabalataa uumeras jedhan. Yeroo Sababa Koronaavaayirasiitiin hojiin yarate kanatti daballiin gatii fi qaalayiinsi jireenyaa waldhaansoo jireenyaa daran akka itti hammeesse himu jiraattonni. Magaala Mojoo irraa kan dubbisne Obbo Tolasaa Barkeessaa, torbee tokkoon asitti daballiin gatii meeshaalee irratti mul'ate mootummaan yoo sirreesse malee jiraachuuf yaaddoo kan namatti uumu akka ta'e himan.
Hogganaan Biroo Daldalaa fi Misooma Gabaa Oromiyaa Obbo Dhengee Boruu, daballii gatii meeshaalee fi qaala'insa jireenyaa magaalota Oromiyaa keessatti mul'achaa jiru mootummaan quba qaba jedhan. "Biyya kana keessatti daballiin gatiis, qaala'iinsi jireenyaas mul'ateera. Qaala'iinsi jireenyaa dhukkuba guddina dinagdee biyyattii keessa turerraa kan madde dabalaa dhufe." "Kana ittisuuf silaa omishni qonnaa fi indastirii haalan dabaluu male. Guddinni dameewwan kanaa baayyina uummataa wajjin wal hin simne" jedhan. Daballiingatii meeshaalee bu'uuuraa amma mul'achaa jiru kanaafis sababni meeshaaleen kunneen biyya keessa dhihessii gahaan waan hin jireefi jedhu Obbo Dheengeen. "Uummanni sukkaara, zayita, paastaa, Ruuzii fi kan akkanaa biroo barbaada. Kunneen immoo baay'inaan alaa gala. Waan kana mootummaan dhiheessuuf yaalaa ture garuu humnii fi fedhiin jiru walgituu dadhabeera" jedhan. Yeroo ammaa kanattis rakkoo kana hubachuun meeshaalee bu'uuraa uummanni fayyadamu kana namoota alaa galchuu barbaadaniif qaraxa malee akka galchan mootummaan haala mijeessaafii jiraachuu eeran. Carraan kuni dhiheessii guddaan gara biyyaa akka galu waan taasisuuf rakkoon gama kanaan jiru yeroo dhihootti ni laaffata jedhan. Oromiyaa keessatti dhaabbileen koronaavaayirasii sababeeffachuun meeshaalee dhiheessiin gahaan jiruu irratti gatii dabalan dhaabbilee daldalaa kuma 37 caalan adabamuus eeran. Omisha Qullubbii kan gatiinsaa gabaarratti dabale kunis biyya Sudaan irraa kan galuu fi waqtii omishaa wajjiin walqabatee kan mudate ta'uu eeran. "Qullubbiin amma omishnisaa dhaqqabaa jira. Gama Sudaanin waqtii itti seenuu jalqabudha waqtiin kuni. Odeefannoo hanga ammaa qabuunis gara biyyaa seenee gabaadhaaf dhaqqabaa jira. Omishni waan hin turreefi gatiin kan dabale" jedhan Obbo Dheengeen.
Omishni waan hin turreefi gatiin kan dabale" jedhan Obbo Dheengeen.
Hogganaan hospitaala Eekkaa Kotabee dhimma Obbo Dajanee Xaafaan mana murtiitti waamaman Qondaalli olaanaa paartii Kongirasii Federaalawaa Oromoo (KFO) Obbo Dajanee Xaafaa har’a mana murtiitti dhiyaatanii guyyaan qorannoo dabalataa poolisiin gaafate hayyamame. Manni murtii dhimma isanii Kamisa, Adooleessa 30 bara 2012 A.L.Itti akka ilaalamu beellamee jira. Obbo Dajanee Xaafaa har'a mana murtiitti kan dhiyaatan Adoolessa 20 qorannoo hin xumurre jechuun poolisiin guyyoota dabalata 14 gaafate bu'uura godhachuun akka ta'e Abukaatoon isaanii Obbo Dajanee Fiqaaduu BBC'tti himaniiru. Yeroos qorannoo ashaaraa hin xumurre, ragaa namaa fi barreeffamaa akkasumas meeshalee elektironiksii qulqulleessina jedhee ture poolisiin kan gaafate. Poolisiin guyyaa har'aas sababuma wal fakkaataa dhiyeessuun guyyoota qorannoo dabalataa gaafachuu isaa kan himan Obbo Dajaneen, sababa walfakkaataa irra deddebiin dhiyaataa waan jiruuf guyyoonni dabalataa hayyamamuu akka hin qabne falmuu dubbatu. Dabalataan mirgi wabii eegameefi dhimma isaanii alaa akka hordofan kan gaafatan yoo ta'u, manni murtii dhimma kanarrattis Adoolessa 30 deebii kennuuf beellamee akka jiru himu. Obbo Dajanee Xaafaa koronaavaayirasiin irratti argameera shakkii jedhuun hospitaala Eekkaa Kotabee guyyoota saddeetiif erga turanii booda, Adoolessa 23 koronaavaayirasii irraa bilisa jedhamanii gara mana hidhaa duraan itti hidhamanii turanitti deebifamuu dubbatu abukaatoon isaanii. Manni murtiis Adoolessa 20 dhaddacha ture irratti hospitaalli Eekkaa Kotabee Obbo Dajaneen koronaavaayirasiin qabamuu fi dhiisuu akka mirkaneessu ajaja kennee kan ture. Hospitaalichi deebii barreeffamaan kenneen qorannoo koronaavaayirasii gochuun gahee isaa akka hin taane himuun, gaheen isaa namoota Inistiitiyuutii Fayyaa hawaasaan itti ergaman yaaluu qofa akka ta'e beeksiseera jedhu Obbo Dajaneen.
Hospitaalichi deebii barreeffamaan kenneen qorannoo koronaavaayirasii gochuun gahee isaa akka hin taane himuun, gaheen isaa namoota Inistiitiyuutii Fayyaa hawaasaan itti ergaman yaaluu qofa akka ta'e beeksiseera jedhu Obbo Dajaneen. Obboo Dajanee Xaafaa mana murtiitti wayita dhiyaatan mallattoon dhibee irratti mul’atu akka hin jirre, hospitaalattis qoricha fudhatanii akka hin beeknee fi qorannoon kamuu akka hin taasifamneef dhaddacharratti dubbachu himu abukaatoon isaanii. Manni murtiis itti gaafatamaan hospitaala Eekka Kotabee Adoolessa 30 qaamaan mana murtiitti dhiyaatanii, Obbo Dajaneen akkamiin hospitaalicha akka seenan, koronaan qabamaniiru moo hin qabamne, akkamiin ammoo guyyaa 8 keessatti bilisa jedhamanii akka bahan akka ibsan ajaja kenneera. Obbo Dajanee erga hospitaalaa baafamanii booda mana barnootaa magaalaa Finfinnee naannoo Inqulaal Faabriikaa jedhamu jiru duraan hidhamanii turanitti deebifamuufi namoota 13 duraan waliin turanitti makamanii hidhamuun ammas fayyaa isaaniif yaaddessaa ta'uu waan iyyataniif manni murtii kophaatti akka hidhaman ajaja kennuus abukaatoon isaanii himaniiru. Amma dura waajjirri Abbaa Alangaa Federaalaa Obbo Dajanee Xaafaa koronaavaayirasiin qabamuu isaanii mirkaneessee ture. Reeffi artiist Haacaaluu Hundeessaa gara maatiitti akka hin deemne ittisuu fi gara magaala Finfinneetti akka deebi'u taasisuun jeequmsi akka ka'u taasistaniitu jedhamuun kan shakkaman Obbo Dajanee Xaafaa Adoolessa 30 mana murtiitti akka dhiyaatan beellamameera.
Siyaasa Itoophiyaa: Wal dura dhaabbannaa Jawaar Mohaammai fi MM Abiy Ahimad eessaa garam? Fulbaana 30 booda mootummaan MM Abiy 'bu'uura seeraa hin qabaatu' jechuun irra deddeebiin dubbataa kan ture namni siyaasaa maqaa guddaa horate, Jawaar Mohaammad erga MM Abiy Ahimad Ebla 2018 gara aangoo dhufanii as hogganoota siyaasaa maqaa guddaa qaban hidhaa bu'an keessaa tokko. Nami siyaasaa ganna 34 yaada federalizimii sab-deenussumaa dhaadheessuun beekamu Jawaar, Feesbuukiirratti hordoftoota miiliyoona lamatti siqan qaba. Jawaar ajjeechaa Haacaaluun booda hokkara dhalateen Magaalaa Finfinneetti ajjeechaa miseensa poolisii tokkoon wal qabatee to'annoo jala oole. Deeggartoonni isaa Jawaar ajjeechaa kana keessaa harka hin qabu, MM Abiy morkii siyaasaa keessaa isa baasuuf to'annoo jala akka oolu godhe jedhu. Jawaar fi Abiy lamaanuu saba Itoophiyaatti lakkoofsa uummataa guddaa qabu Oromoo keessaa kan bahan tahus, erga MM Abiy aangoo qabatanii as adeemsa siyaasaa egeree Itoophiyaarratti yaadni jarri kunneen qaban gargari. MM Abiy erga aangootti dhufanii kaasee, Itoophiyaa diimokiraatessuufi biyya sabaan qoqqoodamte kana tokkoomsuuf waadaa seenanii ture. Deeggartoota mootummaaf hidhamuun Jawaar, sabboonummaa fiinxalaa'e kan biyya balaaf saaxila jedhanii yaadan quucarsuufi hokkara sabummaan wal qabatee biyyattii keessatti ka'u hambisuuf qooda guddaa qaba. Kana malees, deeggartoonni mootummaa sochii MM Abiy yaada 'Ida'amuu' jalatti sabaa fi sab-lammoota walitti qabuuf taasisan gufachiisuuf yaaluun Jawaar qeequ. Deeggartoonni Jawaar ammoo, hidhamuunsaa MM Abiy nama yaada 'Ida'amuu' irraa adda ta'e qabuuf obsa akka hin qabne agarsiisa jedhu. Jawaar sirna fedeeraalaa jalatti Oromoofi saboota kaaniif naannoo lakkoofsaan irra guddinaan keessa jiranitti, mirga ofiin of bulchuu haa argatan ilaalcha jedhu qaba. Jaawaar Mohaammad kan abbaa Musliimaafi haadha Kiristaana irraa bara 1986tti dhalate, gaaffiifi deebii bara 2013'tti Dhaabbata TV Al-Jaazeeraa waliin taasiseen akka sabboonaa Oromootti gurra horate.
"'I am an Oromo first' yookaan 'Ani dursa Oromoodha' - Itoophiyaan humnaan natti fe'amte" jedhe. Wayita dubbii kana miidiyaa gubbaatti lallabe sana Ameerikaatti jiruu baqaarra ture. Yaanni isaa kunis namoota isa deeggaraniifi isa qeeqan biratti ijoo dubbii ta'ee ture. Barsiisaa seeraa yuunivarsiitii Kiil kan ta'an Dr Awwol Aloo haala yeroos uumame 'dambalii siyaasaa' jechuun ture kan ibse. ''Ani dursa Oromoodha'' ykn 'I am an Oromo first' kunis booda gara duula siyaasaa sirna yeroo sana aangoorra ture mormutti geeddarame. Jawaar rogeeyyiin kaan waliin ta'uun kutaalee Ameerikaa gara garaa keessa naanna'uun diyaaspoora dammaqsuufi galii walitti qabuun bara 2013tti Miidiyaan OMN akka hundeeffamu taasise. ''Amma qilleensa Oromiyaa bilisa baafneerra. Baroota dhufan keessatti ammoo dachee Oromiyaa ni bilisoomsina,''jechuunis eebba OMN irratti dubbate. Yeroo sanatti hoogganaa olaanaa waan tureef OMN gara sagalee cimaa dargaggootaa (Qeerrootti) geeddare. Jawaar kan magaalaa xiqqoo Dhummuugaa bakka ABO'n bal'inaan keessatti socho'uutti dhalatee guddate, ''Ani qabsoo Oromoo keessattiin dhaladhe'' jechuun irra deddeebiin dubbata. Waa'e qabsoo Oromoo fi 'dhiibbaa' fi dararamni attamii ummata Oromoorra gahaa akka ture manguddootarraa dhagahaa guddatuus hima. Uummanni Oromoo baay'ina uummataan Itoophiyaa keessatti isa guddaa ta'ulleen, Abiy Ahimaditu Ministira Muummee Oromoo Itoophiyaa isa jalqabaa ta'e. Inumaa bara mootii Hayilasillaasee, Afaan Oromoofi amantaan Oromoo hundi dhorkamanii ture. Barataa cimaa kan ture Jawaar, bara 2003tti carraa barnoota biyya alaa argateen gara Singaapoor kan imale dargaggummaa isaatti ture. Waggoota lamaan booda ammoo gara UStti darbuun Yunivarsitii Standford irraa saayinsii siyaasaatiin digrii isaa jalqabaa argate.
Itti aansee ammoo Yunivarsitii Kolombiyaa irraa bara 2013'tti digrii lammaffaa isaa gosa barnootaa 'Human Rights' ykn mirga namoomaan argate. Jawaar yeroo Ameerikaatti barataa yunivarsiitii turetti ABO ijoollummaa isaarraa kaasee harkattin guddadhe jedhurraa of fageessee ture. Fuula yaada isaa irratti barreessurratti ABOn sababii waldhabdeefi wal qoqqooduutiin kan ka'e "akka fayyuu hin dandeenyetti caccabeera" jedhee ture. Haata'u malee, qabsoo biyya keessatti deemaa ture jabeessuudhaaf Oromoota hedduu biyya alaa jiran dadammaqsuu itti fufe. Kun ammoo mormii uummataa bara 2015 keessa dhohee waggaa sadiif itti fufeen wal dabaalee Ministirri Muummee Hayilamaariyaan Dassaaleny akka aangoo gadi dhiisuuf dirqisiiseera. Yeroo Abiy bakka Hayilamaariyaam akka bu'u barametti Jawaar aangoo ministira muummee isaaf kennuun "dogoggora tarsiimoo" balaa jabaa qabu jechuun akeekkachiisee ture. Yeroo sanatti Jawaar namni bakka sanaaf ni ta'a jedhe mul'ata siyaasaa kan isaatti dhiyaatu akka qabanitti kanilaalu Ministira Raayyaa Ittisaa ammaa Obbo Lammaa Magarsaa ture. Kunis ta'ee garuu erga Abiy Oromoo jalqaba aangoo ministira muummeetti bahe ta'ee, Jawaar deggaruu eegalee ture. Keessumaa ammoo tarkaanfiiwwan haaromsaa inni fudhachuu eegale kan akka dhaabbilee siyaasaa dhorkaman alaa galchuu, namoota siyaasaa hidhaman kuma hedduun hiikuu fi himannaawwan shorokkeessummaa warra ala jiran irra ture addaan kutuun Jawaar akka tarkaanfii gaariitti leellisaa ture. Kana hordofuunis bara 2018 gara biyyaatti deebi'ee waajjira muummee OMN magaalaa Finfinneetti gadi dhaabe. Deeggarsi Jawaar Abiyiif qabu garuu yeroo dheeraaf hin turre. Ejjennoon jabaan Jawaar ofiin of bulchuu sabaafi sab-lammootaa irratti qabu hundeeffama Paartii Badhaadhinaa kan dhaabbilee sabummaa bu'uura godhachuun ijaaraman 8 diiguun paartii biyyaalessaa tokko ta'e hordofuun garaagarteen MM Abiy fi Jawar bal'ataa dhufe.
Hodoftooti Jawaar, torban darbe hidhamuun isaa akka Abiy abdii isaanii ganetti fudhataniiru. Keessumaa ammoo hidhamuun isaa yeroo filannoon ji'a dhufu gaggeeffama jedhame akkaan eegamaa ture yeroo hin beekamnetti darbe kanatti ta'uun isaa yaaddoo biraati. Boordiin filannoo filannichi akka yeroo biraatti darbu kan taasise weerara koronaavaayirasiiti jedhu. MM Abiy Ahimad filannoo Itoophiyaa Hagayyaaf qabamee ture kana Paartii Badhaadhinaa reefu hundeessan jalatti dorgomuuf karoorfatanii turan. Jawaar Mohaammad ammoo daarektara Olaanaa OMN ta'e isa hojjetaa ture gadhiisuun miseensummaan paartii mormituu KFO seene. Adda Bilisummaa Oromoo (ABO) fi Paartii Biyyaalessaa Oromoo (PBO) waliin ta'uun gamtaa uumanii filannootti seenuuf socho'aa turan. Kunis Oromiyaa keessatti paartiin MM Abiy Badhaadhinni morkiin jabaan akka isa eeggatu taasisa jedhamee yaadamaa ture. Filannoon achi darbun hordofee garuu, A.L.I baatii Fulbaanaa bara 2013 booda mootummaan MM Abiy ''bu'uura seeraa hin qabu'' jechuun himaa ture Jawaar Mohaammad. Yeroo ammaa Jawaar mana hidhaa jira. Akka paartiin isaa jedhutti maatiifi abukaatoon isaa isa argachuu hin dandeenye. Nyaata lagatee jira jedhaniis turan. Ajjeechaa Haacaaluu hordofuun hokkora uumameen wal qabatee ajjeefamuu poolisii akkasumas hokkora Onkoloolessa bara 2019 du'a namoota 97f sababa ta'een Jawaar akka himatu poolisiin beeksiseera. Yeroos Jawaar mootummaan eegdotasaa kaasuun balaaf isa saaxiluuf akka ta'e ragaa fuula Feesbuukii isaa gubbaatti maxxanseen booda, mormii dhalateen ture lubbuun namootaa kanaa kan dabre. Mormii san irratti deeggartoonni Jawaar kitaaba ministira muummee 'Ida'amuu' jedhu gubaniiru. Obbo Jawaar hokkara sana keessa akka harka hin qabne dubbatus, qondaalota mootummaa dabalatee namooti tokko tokko injifannoo badhaasa Noobeelii MM Abiy argatan gatii dhabsiisuuf kan inni raawwate akka ta'etti isa qeequ.
Obbo Jawaar hokkara sana keessa akka harka hin qabne dubbatus, qondaalota mootummaa dabalatee namooti tokko tokko injifannoo badhaasa Noobeelii MM Abiy argatan gatii dhabsiisuuf kan inni raawwate akka ta'etti isa qeequ. Torban dabre erga Jawaar hidhameen duuba poolisiin waajjira OMN kan cufan yogguu tahu, miidiyichi akkuma kanaan duraa, wayita ammaatti Ameerikaarraa tamsaasaa jira. MM Abiy dhageettii siyaasaa argatanii rifoormii jalqaban itti fufu moo, hidhamuun Jawaar Qeerroo mormii caalutti kakaasee mormiin isaan mudata kan jedhu ji'oota itti aanan kan adda bahu ta'us, lammilee biyyattii hedduu yaaddoo keessa buuseera.
"Dhugaa Haacaaluu sabaaf dhiyeessine malee qalmaaf hin qopheessine'' - Guyyoo Waariyoo Ajjeechaan artiist Haacaaluu Hundeessaa gaaffiif deebii inni yeroo dhumaatiif OMN waliin taasisee tureen akka walqabatu Abbaan Alangaa Waliigalaa Federaalaa ibsa yeroo garaagaraa kennaa tureen himeera. Abbaan Alangaa OMN Haacaaluun qaamni Shanee jedhamu isa doorsisaa jiraachuu bakka ibsu keessaa kutee tamsaasuu hime Gaaffiif deebiin guutuun sa’aa tokkoofi daqiiqaa 11 kan dheeratu ta’uus OMN garuu gaaffiifi deebii kana keessaa muree kan tamsaase daqiiqaa 47 ta’uus abbaan Alangaa ibsa guyyoota sadii dura kenneen beeksisee ture. ‘’ABO Shaneerraa irra deddeebiin dorsifni ajjeechaa irra gahaa akka ture artistichi dubbatus kun ta'e jedhamee keessaa cite hafeera’’ jedhan aanga'aan waajjira Abbaa Alangaa Obboo Fiqaaduu Tsaggaa. Gaffiif deebii cite keessatti Art. Haacaaluun jijjiiramni dhufe kun kan guddataa deemu ta’uu, deeggaramuu akka qabus dubbateera jedheera Abbaan Alangaa Federaalaa. Gaaffiif deebii kanarraa wanti citee hafe jedhame Wiixata galgala miidiyaalee mootummaan tamsaafame. Gaazexessaan OMN artiist Haacaaluu Hundeessaa dubbise Guyyoo Waariyoo Haacaaluun gaaffiif deebii san keessatti maqaa shanee gonkumaa hin kaafnee jechuun BBC’tti himeera. Gaaffiif deebii citee hafe jedhamee miidiyaalee mootummaa irratti tamsaafame irrattis artiistichi yoo kana jedhu hin dhagahaamu. Af-gaaffii sana keessaa haasaan citee hafe akka ture kan amane gaazexessaa Guyyoon, sagantaa saniif yeroon qabameef daqiiqaa 35 eeguuf jecha wanni keessa kutamee jira jedhe. Waan haasa’ame guutuu hin dabarsituu kan jedhu Guyyoon, ‘’gaaffiifi deebii aniifi Haacaaluun goone keessa kan keessaa baasne ni jira. Garuu akka amma isaan jedhan itti yaadamee kan keessaa baasne tokkolleen hin jirtuu’’ jedha.
Af-gaaffiin torban sadii dura OMN irratti tamsaafame karoora ji’a shaniif qabame turee fi sababa garaagaraan osoo hin hojjetamiin amma gahe akka ta’e kan dubbatu Guyyoon, yaadni sagantaa kana hojjechuu kan Art. Haacaaluu akka ta’e hima. ‘‘Haacaaluun akka Oromootti nama dhageettii guddaa qabu, nama namni cufti jaalatu miidiyaa hawaasa gubbaatti nama cufarratti ololli miidiyaa hawaasaa ni ka’a, kaayyoon af-gaaffii san gooneef dhugaa jirtu namni kaan akka dhagahuufi.’’ Erga af-gaaffiin sun waraabamee booda wantoota keessaa osoo bahanii jedhurratti waliin mariyachuullee hima. Qaamoleen garaagaraa isa doorsisuu qaamanis yoo wal argan Af-gaaffii san keessattis dubbaateeraa kan jedhu Guyyoon, akka aanga’ootni Abbaa Alangaa jedhanitti garuu ‘’Shaneen na doorsisa kan jedhu dubbachuu isaa hin qaabadhuu’’ jedha. Haacaaluun doorsisni gara garaa akka irra gahu amma duras dubbataa waan tureef waan haaraa inni dubbaterratti fuulleffachuu hima Guyyoon. Eenyu akka isa doorsisu gaafadhee maqaa dhahee deebii naaf hin kennine kan jedhu gaazexeessaan kun silaa maqaa dhaheera ta'ee hin hafu ture jedha Kanaan alatti artiist Haacaaluun nu gaafatee kan keessaa kunne wantootni lamaan tokko jiruu jedha. ‘’Yeroon qilleensaa naa kenname daqiiqaa 35, artiist Haacaaluu waan sabi dhagahuu barbaaduuf, ilaalcha gaazexessumaatiin waan uummatni Oromoo dhagahuu qaba jedhe daqiiqaa 50 keessaa baasee.’’ Wanna jijjiirama biyyaa ilaalchisee dubbate OMN keessaa kutee hambisee jechuun waan mootummaan qeeqe irratti Guuyyoon yoo deebisu, wanna gaarii jijjiirama kana kan inni ibse hedduu dabarsineerraa jedha. Gama mootummaan ‘’OMN Haacaaluu qalmaaf dhiyeessan’’ jechuun kan ibsame saalfaacahiisaadha jechuun, qaamni isa midhuuf dorsiisu jiraachuu bakki hime kan cite waan sun irraa deddeebiin miidiyaalee hedduurratti darbaa sababa tureefi jedha Guyyoon.
Ajjeefamuun Art. Haacaaluu yoo dhagaahamu hooggantootni mootummaa fi namootni kaaniis af-gaaffii OMN irratti du’a isaa torbee dura tamsa’e akka sababatti ibsaa turan. Duuti artiist Haacaaluu du’a nu hundaatii kan jedhu Guyyoon, "af-gaaffiin sun Art. Haacaaluufi saba bal’aa walitti fidee dhugaan Haacaaluu akka mul’atuuf gahee olaanaa tapahatee jedheen yaadaa" jedha. Af-gaffiin sun feesbuukii irratti kallattiin yoo darbu namni 24,000 ol caqasaa turuu, saniin boodas yaadni gaggaariin kennamaa waan tureef hojii kanaaf 're’ee naa qaluu qabda' jedhee itti qoosaa turuullee hima Guyyoon. Miidiyaa hawaasummaarratti qeeqa ka’aa turan keessaa waayee hojii gurgurtaa sibiila ijaarsaa fi maallaqa mootummaarraa fudhate jedhamee haasaa dhuunfaan waliin qabaniin dubbiin kun soba ta’uu akka beekuufi namni kaan dhugaa jirtu haa beekuuf akka gaafates dubbate Guyyoon. ‘’Dhugaa Haacaaluu sabaaf dhiyeessee oolmaa ooleef jedhee malee qalmaaf dhiyeesse jedhee hin yaaduu’’ jedha. Af-gaaffiin sun erga tamsaasamee booda ergaan sossodaachisuu narra gahaa turee kan jedhu Guyyoon artiist Haacaaluun qaamolee akkas akkasirraa miidhaan sirra gahuu waan danda’uuf of eeggadhu naan jechaa tures jedha. Qaamni Haacaaluun irraa of eeggadhu jedhuun eenyu akka ta’e akkasumas qaamotni ergaafi bilbilaan isaas doorsisan eenyu akka ta’an garuu ifatti maqaa dhahee hin himne. Hojii gaazexessummaa hojjechuu malee badiin dalage hin jiruu kan jedhu gaazexessaa Guyyoon erga Haacaaluun ajjeefamuu booda isaa fi maatii isaarra doorsifni garaa garaa gahaa akka jiru dubbata. Qe'een maatii isaa Godina Booranaa keessa jiran sakatta’amuufi Guuyyoon as dhokate jira fidaa jedhamanii dorsifamaa akka jiran himeera.
Qe'een maatii isaa Godina Booranaa keessa jiran sakatta’amuufi Guuyyoon as dhokate jira fidaa jedhamanii dorsifamaa akka jiran himeera. Daariktarri OMN Girmaa Guutamaa erga miidiyichi cufamee gaazexessitootni maal keessa akka jiran baruu hin dandeenye jedha. Sodaa keessa waan jiraniif bilbila cufachuun dhokatanii akka jiran dubbata. Gaazexessitootni tokko tokko nageenya isaaniif yaadda'anii mana jireenyaa isaanii keessaa bahuun bakka biraa dhokatanii akka jiran hima Obbo Girmaan. Poolisiin waajjira isaanii sakatta'uun waan barbaadan keessaa fudhatanii cufuu fi ergasii gara waajjirichaa deemanii akka hin beekne dubbatan. Hanga ammaattis gaazexeessaa Mallasaa Dirribsaa jedhamu qofatu hidhamuu quba qaba jedhe. Girmaan manni isaa sakatta'amuun amma achii bahee bakka biraa akka jiruu dubbata. Mootummaan OMN sabaa fi amantaa jidduutti jibba labsuun walitti bu'iinsaaf kakaasaa ture jechuun himata. Obbo Girmaan garuu kuni dhara ta'uufi cufamuun OMN ergama siyaasaa qabaachuu hima. ''Odeeffannoo akka miidiyaa keenya cufan qabna. Kun ajandaa waggaa lamaaf deemaa turedha. Jawaar nurraa hiitan malee OMN nurraa cuftan malee jechuun paartiin naannoo Amaaraa bulchu gaafachaa ture." ''Gaazexessitootni keenya oduu tokko yeroo hojjetan gamtokkee karaa taheen hin hojjetan. Addatti oduu yoo tahe." "Wal gahii adda addaa irratti namootni yoo dubbatan yaada isaanii ni dabarsina. Kun ammoo qabiyyee uummataati. Kun namoota kaan tokko tokkos aarsuu danda'a.'' Qondaalota mootummaas xalayaadhaan afeeraa turre kan jedhu Obbo Girmaan miidiyicha kan paartii mormituu tahe jedhamuunis sirrii akka hin taane hima. OMN weerara Covid-19 ittisuuf jecha afaanota 18'n tamsaasaaa akka ture himuun inumaa waajjiricha mana sabaa fi sab-lammootaa goone jechuun walitti bu'iinsa sabaan himatamuun sirrii akka hin taane dubbata.
Ajjeechaa Haacaaluu Hundeessaa: 'Abbaan kee akka as jirtu akka hin barreef isatti hin mul'atiin' - Boontuu Baqqalaa Artist Haacaaluu Hundeessaa ajjeefamuu hordofee namoota reeffa gaggeessaa osoo turanii qaamolee mootummaan to'annoo jala oolan keessaa ijoolleen Obbo Baqqalaa Garbaa sadii ni argamu. Boontuu Baqqalaa, Saamu'eel Baqqalaafi Kiyyaa Balaachoo (ilmi aadaadaa isaanii) torbee lamaa oliif hidhaa erga turanii booda guyyaa Kamisaa hiikamaniiru. Boontuu Baqqalaa kanaan duras wayita Obbo Baqqalaan hidhamanii turan waayee abbaa ishee irra deeddeebiin miidiyaaleef ibsa kennuun beekamti. Torbee lama dura abbaa isaanii Obbo Baqqalaa Garbaa waliin bahanii akkamiin akka to'atamaniif haala waliigalaa ture BBC Afaan Oromoo waliin gaaffiifi deebii gaggeesiteen waan dubbatte kunooti. BBC-Akkamiin to'annoo jala akka ooltan waan yaadatturraa nuu himimee? Boontuu: Reeffa wajjiin Galma Aadaa Oromoo deemaa turre. Nu fuulduras nu boodas konkolaataa baayyeetu ture. Ana, abbayee koo, obboleessa koo quxusuufi mucaa adaadaa keenyatu nu waliin ture. Balbala Galma Aadaa Oromoorraa wayita geenyu hayyamni waan hin kennamneef ol hin seentan jedhan. Daqiiqaa muraasaaf erga haasa'anii ammoo balbala bananii ol lixaa nuun jedhan lixne. Osoo daqiiqaa 10-15 turree Injinar Taakkalaan dhufanii, abbaakoo, Obbo Jawaariifi Hamzaa waliin dhaabatanii mariyachaa turan. Obbo Jawaar waliinis kophaatti haasa'aniiti daqiiqaa 10 wayi booda deebi'anii bahan. Isumaa bahu waraanni humna addaa Oromiyaa dhufee reeffa fudhanna jedha. Sana booda Jawaar Mohaammad reeffi Ambulaansiidhaan akka deemu, qorichi akka itti godhamu kuni akka dhufu Injanar Taakkalaa waliin haasofneerra kanaaf Ambulaansii eegaa jedhe. Isaanimmoo awaalcha bareechuufi kan nuti yaalaa jirru jedhanii muddanii reeffa fuudhanii deeman.
Komaandarri dhufee konkolaataa reeffa qabateen akka konkolaataa oofuu yoo gaafatu Obbo Jawaar ambulaansii eegaa akka jiran kan itti hime malee reeffi garam akka geeffamu hin dubbanne. Erga reeffi bahee nuti hin baana jennee gaafa kaanu waraanni nutti marsee, bahuu nu dhorke. Isaan konkolaataa keessa galchanii fuudhanii deemaniiru. Mooraa keessaa hin baane malee fudhataniiru. Utuu Jawaar faa fudhanii hin deemiin eegdotarraa meeshaa fudhataniiru, konkolaataas sakatta'aniiru. Yeroo isaan fuudhanii deeman namni miira keessa galee baayyeen ni boohe. Keessaayyuu miseensi Humna Addaa Oromiyaa tokko wayyaa ofirraa baasee way Oromoo, way Oromoo, Oromoon kanaaf hidhamee, Oromoon kanaaf du'ee jedhee ergasii sagalee dhukaasa dhageenye. BBC- Waraana akkamiiti? Boontuu: Keessaan Humna Addaa Oromiyaati duubaan ammoo raayyaa ittisa biyyaati. Achiin eegdota Jawaar harkaa meeshaa fuudhanii, achiis konkolaataa gurraacha keessa galchanii achiis abbayee koofi Hamzaa fuudhan. Hanga halaalaa argaa ture mooraa keessa turan yeroo isaan fudhatanii bahan hin agarre. BBC-Duubarraa waajirri Paartii Badhaadhinaa jira garas deemtanii turtanii? Boontuu: Garas deemuuf carraayyuu nuu hin kennine. Konkolaataa keenya marsanii turan. Meeshaa erga hiikkachiisanii namoota sadan erga fudhataniii nuun konkolaataa keessa gallee akka hin baane nu marsanii turan. Yeroo sadii konkolaataa keenya sakatta'aniiru. Kana gidduutti egaa dhukaasa dhageenye nuyi. Namni baqachuu jalqabe. Ergasii Poolisiin tokko du'uu dhageenye jechuudha. Mooraadhuma keessatti du'e. BBC-Ergasii maaltu ta'e? Boontuu: Dhukaasa sana aluma tokko dhageenye. Ergasii namni baqachuufi boohuu yoo eegalu nuti gara galmaatti fiignu reeffa namaa wayyaa militarii uffate wayiin arge.
Minseensonni Humna Addaa Oromiyaa miseensa keenyatu du'e jedhanii boohaa turan. Sana booda saqqiifi kophee keenya nurraa baasanii konkolaataa isa birat labbas jedhamuun nu fe'anii gara Piyaassaa (Birbirsa Gooroo) bakka itti yakka qoratan kan Federaalaatti nu geessan. BBC- Gaafasuma mana hidhaa isin geessanii? Boontuu: Eeyyen guyyaa Kibxataa galgala sa'aa 12'tti nu geessanii achuma bullee. Wanti nama ajaa'ibu kooridarii gidduu qilleensarra lafa bulle. Nama 26 turre nuyi. Dhiirris dubartiinis walumakeessa makamnee lafa bulle. Mana hidhaa Soostanyaa Poolisi Xaabiyaa bakka jedhamu, poolisiin federaalaa sadii meeshaa nutti qabeetu lafa bulle. BBC- Warri achi turtan eenyufaadha? Boontuu: Jawaar, Baqqalaafi Hamzaa kophaatti fuudhanii deeman. Achii eegdoota Jawaar namoota torba qophaatti fudhatan. Achii warra hafne ijoollee 26 kan achi bullee. Achii mana murtii Araadaatti geeffamnee galmee koo jalatti nama jahatu turee Poolisiin guyyaa 11 narratti gaafate. BBC-Obboleessa kee walliin bakka adda addaatti hidhamtanii? Boontuu: Eeyyen ani 'Federaal wanjal mirmaaraa' bakka jedhamun ture, isaanimmoo Gullallee mana barnootaa tokko keessatti hidhaman. BBC- Mana hidhaa keessatti wanni isin qunname jiraa? Boontuu: Wanti addatti na qunnamee, Abbaan kee akka as jirtu akka hin barree akka isatti hin mul'anne naan jedhan. Aniis kana gochuu hin danda'uun jedheen. Manni ani keessa jiru foddaa waan qabuuf karaa foddaa akka na argu gochaan ture. BBC-Maaliif kana godhan sitti fakkaata? Boontuu: Anaafiis gaaffiidha kun. Karaa foddaan arge Jawaariinis, Hamzaas Abbaakoos achiis akkan as jiru akka isaan beekan godhe. Guyyaa lamaan tokko karaa foddaa yeroon haasa'u na arganii achii na baasanii kutaa biraatti na geessan, isaan waliin akka wal hin argineef.
BBC-Nama dararuun reebuun tureeraa wanti taajjabde jiraa? Boontuu: Gama kootiin wanni narra gahe hin jiru. Garuu matii koo wajjin wal argaa hin turre. Harmee koo hin dhuftii nyata natti kennitee deemti haasa'uun hin danda'amu. Kan mana murtiitti himeen ture. Manni murtii ajaja kennina jedhus isaan ajaja hin fudhatan. Guyyaa sadaffaatti haasa'uu dandeessa naan jedhanii, yeroo haasofnu Afaan Oromootiin hin haasa'iin naan jedhan. Ani Harmee koo wajjin Afaan Amaaraatiin haasa'aa hin turree. Maatii keessatti Afaan Amaaraan hin haasofnun jedhe. Namni nu dhagahu hin turre, Afaan nu beeknuun haasa'i nuun jedhan, kana kana faatu ture. Manni keessa turrees baayyee diilallaa'a. BBC-Tarii mana hidhaa keessa yeroo dheeraaf nan tura harmeen koo ni rakkattii yaaddoo jedhu qabaachaa turtee? Boontuu: Eyyen, baayyee nama dhiphisa ture. Tokkoffaa ani abbaa koo wajjiin achitti argamuun alatti waan balleesse hin qabu. Abbaan koo ammoo nama siyaasaati. Kana duras mana hidhaa ture, achii bahees qabsoodhumatti deebi'e ammas mana hidhaa jira achii bahees qabsootti deebi'a hanga Waaqni umurii kenneefiitti, hamma gaaffiin Oromoo deebi'utti. Kanassaarratti dabalamnee ammoo maatii tokko keessaa namni afur yeroo irratti dabalamnu ammoo harmee koorratti dhiibbaan isaa ni ulfaata. Umurii itti boqochuu qabdutti, hireen ishee galaa deddeebisuu yeroo ta'u namatti dhagaahama. Haalli nageenya isaaniis baayyee na dhiphisa ture. BBC-Obbolaa keewoo wanni addatti isaan qunname jiraa? Boontuu: Namoota 26 waliin hidhamne keessaa namni tokko Covid-19 qabamee ture. Inni adda baheera. Isaanis qoratamnii bilisa ta'aniiru. Harmeen keeny lafa isaan geeffaman waan hin beekneef baayyee rakkachaa turte.
Harmeen keeny lafa isaan geeffaman waan hin beekneef baayyee rakkachaa turte. BBC-Akkamiin gadhiifamtan? Boontuu: Ani beellama qaba ture Kamisa sa'a booda. Gara sa'aa torbaatti dhufanii durbee Boontuu hin barbaadamta naan jedhanii gara waajiraatti na geessanii waraqaa mallatteesitutu jira naan jedhan. Waraqaa sana gaafan ilaalu maqaa koofi bakka jireenyaa, bilbila koofi waan akka kanaatu irra jira. Kan biraa waan ibsu hin qabu. Kanarratti mallatteessi naan jedhan. Mata-dureen isaa waraqaa mirga wabii jedha. Isarratti mallatteesseedhuman bahe. Obbolaa koo wajjiin manatti wal argine ani sa'aa torbattin bahee isaan gara galgalaa sa'aa 11 hiikaman. BBC-Harmeen keessan maal jedhan? Akka baatan eeganii turee? Boontuu: Harmeen keenyas nutis hin eegne. Beellama akka qabnu malee akka baanu hin eegne. Tasuma baane BBC-Abbaa keefii namoota siyaasaa biroo hidhaman maaliif kan hidhaman sitti fakkaata. Waan argiterraa? Boontuu: Jarri kun qabsaa'ota. Abbaan koo qabsaa'aadha, Jawaar qabsaa'aadha, Hamzaan qabsaa'aadha. Warri waliin turre ammoo maatii isaaniiti. Yakki dalagan wantii isaaniis nuunis gaafachiisu hin jiru. Rakkoon jiru rakkoo siyaasaati. Mootummaa mormuu sirna kana mormuurraan kan hafe yakki isaan dalagan hin jiru. Kan mana hidhaa isaan galchu yakki dalagan jiraatee osoo hin taane, ilaalchaan gargar bahuu isaniitu mana hidhaa isaan gahee jira. Wanta guyyaa sana dalagame wajjiin kan isaan gaafachiisu hin jiru.
'Mucaan ni boossi, ani harma hoosisuu hin danda'u,' Obboleettii Caaltuu Taakkalaa Kanaan duras waggoota dheeraaf mana hidhaa kan turte Caaltuu Taakkalaa ajjeechaa Haacaaluu Hundeessaan booda magaalaa Finfinnee keessaa qabamuu maatiin BBCtti himaniiru. Kaleessa Mana Murtii Jalqabaa Federaalaa Araadaatti kan dhiyaatte Caaltuun poolisiin ajjeechaa Haacaaluun booda akka hookkarri ka’uufi ‘Shaneen’ waraana akka jalqabuuf ajaja kennite jedhee shakkee akka qabe mana murtiitti himuu abukaatoon ishee Dr. Tokkummaa Dhaabaa himaniiru. Caaltuun ani haadha daa’imaati, humna koo isa kamiinan kana raawwachuu danda’a jettee mana murtii keessatti akka bosses himan Dr. Tokkummaan. Caaltuun namoota kaan irraa adda baafamuun hidhamtee akka jirtus abukaatoon ishee himanii, manni murtii namoota kaanitti dabalamuun akka hidhamtee turtu ajajes jedhan. Addatti ajjeechaa Haacaaluu waliin wal qabsiisee waanan qoradhun qabaafi qofaatti tursiise jechuun poolisiin mana murtiitti akka himes dubbataniiru. Guyyaa qorannoo dabalataa poolisiin irratti gaafateef manni murtii guyyoota saddet eeyyamuun gaafa Adoolessa 28 bara 2020 akka dhiyaattu ajajus himaniiru. Akkamiin to’annoo jala oolte? Poolisiin Federaalaa baay’atanii halkan sa’a sadiitti mana jireenyaa obboleettii ishee keessaa akka qabanii deeman obboleettiin ishee Dannoo Taakkalaa BBCtti himteetti. ‘’Qofaa mucaa ishee waliin waan jiraattuuf poolisoonni mana namaa irra deemanii reebu jechuu dhageenyee akka ana bira dhuftu goone. Ana bira dhuftee guyyaa sadiin booda halkan dhufanii mucaa irraa fuudhanii deeman. Nama tokko qofa qabuuf kan dhufan hin fakkaatan. Mucaan ni boossi. Ani harma hoosisuu hin danda’u,’’ Daannoo Taakkalaa obboleettii Caaltuu. Daannoo Taakkalaa halkanuma fuudhanii deeman jettee eessa akka geessanis waan hin barreef ergasii bakkatti hidhamte baruuf barbaadaa akka turan himteetti.
Booda mana hidhaa poolisii magaalaa Finfinnee 3ffaa jedhamu keessatti akka argatan himte. Ani harma hoosisuu hin danda’u Daa’imni Caaltuu Taakkalaa waggaa tokko akka hin guutne maatiin himu. Guyyaa qabamtes teessee mucaa ‘ishee harma hoosisaa nyaata hojjetaafii osoo jirtuu tahuu himan. Amma Caaltuun kan hidhamtee jirtu Buufata Poolisii Magaalaa Finfinnee 3ffaa jedhamu keessatti yeroo tahu obboleettiin ishee Garjii naanno jedhamuu daa’ima baattee bahuun yeroo hundaa mana hidhaa kana geessitee harma hoosiftee akka deebitu himti. ‘’Yeroo koroonaavaayirasii kana keessa mucaa baadheen guyyaa guyyaatti mana hidhaa geessa. Garjii mana jireenyakootii ka’een Piyaasaa bakka manni hidhaa jiru gahuuf guyyaatti geejibaaf baasi guddaan baasa. Ofii koo harma hoosisuus tahe mucaa guddisuuf muuxannoo hin qabu. Fayyaanis, dinagdeenis baay’ee miidhamneerra,’’ jette Daannoo Taakkalaa. Yeroo dheeraaf dararaa fi rakkina maatii irra gahaa ture irraa kan ka’e anis, haati koos obboleessikoos mataa nu dhukkubaa jira,’’ jette Daannoo Taakkalaa. Mootummaan duraan balleesite jedhe hidhee adaba ishee xumurtee baateetti. Amma waan tokko uumamnaan dhufanii qabanii deemu. Sababa isheettis ollaanuu nu baqataa jira kan jettu Daannoon kan ammaa kanaan marsaa 6ffaaf hidhamaa jiraachuu ishee himti. Kan jalqabaa waggaa 12 itti murtaa’ee waggoota saddetii fi guyyaa 45 hidhamtee gadhiifamte. Boodas daa’ima ishee ammaa kana ulfa taatee hidhamtee ture. Dabalataan daa’ima ishee irraa hidhamuun kun kan 2ffaati. Aminestii Internaashinaal mootummaan Itoophiyaa Caaltuu Taakkalaa dabalatee namoota siyaasaa kaanis hidhaa akka jiru yeroo isheen kanaan dura daa’ima ishee irraa hidhamte eeruun gabaasee ture.
Aminestii Internaashinaal mootummaan Itoophiyaa Caaltuu Taakkalaa dabalatee namoota siyaasaa kaanis hidhaa akka jiru yeroo isheen kanaan dura daa’ima ishee irraa hidhamte eeruun gabaasee ture.
Itoophiyaa: 'Nafxanyaa' fi MM Abiy wanti walitti fidu hin jiru - Waajjira MM Ajjeechaa Artiist Haacaalu Hundeessaa Waxabajjii 30 magaalaa Finfinneetti raawwate hordofuun hokkora Itoophiyaa keessatti uumameen wal qabatee namoonni seeraan ala hidhaman hin jirani jedhe Mootummaan Itoophiyaa. Sirni biyyattii diimokiraatessuu MM Abiy Ahimad ganna lamaan darbaniif itti jiran duubatti deebi'eera jedhamuunis dogoggora ta'uu ibsi Waajjirri MM barreeffamaan BBCf erge himeera. Ajjeechaa Haacaaluutti kan ori'an deeggartoonni isaa kumaatamaan lakkaa'aman hiriira bahan gadda ibsachaa turuu eeruun, hiriirri hundi garuu naga qabeessa hin turre jedha ibsichi. Qaamolee nageenyaa dabalatee namoonni lubbuu dhabuufi qabeenyi miliyoona hedduu baasu manca'uus himeera. Mootummaan kanneen yakka kana keessaa qooda qaban hordofee to'annoo jala oolchaa jiraachuus hima. Haata'u malee, haalli siyaasaa amma jiru marsaalee hawaasaa dabalatee miidiyaalee idilee irratti qixa sirrii hin taaneen hubatamaa jiras jedheera. Haala amma biyya keessa deema jiru hubachuuf qabxilee barbaachisoodha jedhe lama irratti ibsichi xiinxala kenna. MM Abiy Ahimad erga Eebla bara 2018 gara aangootti dhufanii hojiilee riifoormii lammilee Itoophiyaa hedduutti abdii horan hojjechaa turan kan jedhu ibsi kun, hojiilee kanaan 'humnooti dheekkaman' faayidaan isaanii jalaa tuqame jira jedha. Humnoonni kunneen irree siyaasaa fi diinagdee waggoota 30 darban keessa gabbifatanitti dhimma bahuun riifoormii kana gufachiisuuf carraaqaa jiru jedhe. Gama kaaniin mootummaan dirree siyaasaa bal'isuun wal qabatee dhimmootni duraan hiriyoota lama qofa jidduutti haasa'amaa turan amma ifatti miidiyaa irratti haasa'uun eegalamu hima ibsichi. Kuni ammoo wanta hin barbaadamne hedduu fidee dhufe jedha. MM Abiy haala kana yoo ibsan, 'foolii badaa wayita foddaan mana ganna 20f cufame ture banamu mul'atutti fakkeessu' jedha ibsi barreeffaman waajjirri MM baase kun.
Hiree yaada ofii bilisaan ibsachuu kanatti fayyadamuun namooti siyaasaa tokko tokko arrabsoo fi maqaa wal xureessuutti seenani jedha. Miidiyaaleeniis gabaasa saba tokko ykn amantaa tokko addatti balaaleffatu ykn gaaffiin akka irratti ka'u taasisu hojjechuu eegalan jedhe. Kaan ammoo akka waan mootummaan sirna federaalizimii diigee sirna durii deebisuun, injifannoowwan armaan dura argaman duubatti deebisuuf hojjechaa jiruutti mootummaarratti qeeqa ragaa hin qabne dhiyeessuu eegaluu hima. Mootummaan kun adeemsa keessa ni sirrata jedhee obsaan eegaa turus, sirreeffamuu hin dandeenye jedheera. Kaan ammoo marsaalee hawaasaa fi miidiyaaleetti fayyadamuun akka MM Abiy 'Nafxanyaa' ta'eetti duula irratti bananis jedha. 'Nafxanyaa' jechuun hiikaan isaa kallattii 'qawwee baattuu' jechuudha kan jedhe ibsi kun, kanneen jaarraa 19ffaa keessa qawween Kibba Itoophiyaa qubatan ibsa jedheera. Sirni akkasii bara 1974 wayita sirni mootii Hayilasillaasee kufee dargiin aangoo qabate dhumate, mootummaa amma jiruunis ta'e MM Abiy Ahimad waliin wanti walitti fidu hin jiru jedheera. Humnoonni dheekkamani fi kanneen miidiyaa keessa hojjetan bulchiinsa MM Abiy 'Nafxanyaa' jechuun maqaa balleessuuf yaalaa turani jedhe. Kuni kan godhamuuf galmi isaa sabaa fi saba jidduutti keessumaa ammoo Amaaraa fi Oromoo jidduutti walitti bu'iinsa uumuufi jedha ibsi kun. Duulli miidiyaa hawaasaa irratti adeemsifamu 'Nafxanyaa' saba Amaaraa waliin walitti hidhee kan gaggeeffamaa ture ta'uun ammoo dhimmicha hammeessee jira jedhe. Haa ta'u malee seenaa keessatti giti bittaa 'Nafaxanyaan' Amaara qofa osoo hin taane Tigree, Guraagee, Oromoo fi saboota kaanillee of keessaa qaba ture jedha. Dargaggoonni hedduun sirni 'Nafxanyaa' MM Abiy Ahimad golgachuun aangootti deebi'uuf carraaqaa akka jiru akka amanan waan taasifameef du'a Haacaaluu Hundeessaa hordofuun dhalattoota Amaaraa fi qabeenya isaaniirratti miidhaan gahuu hima.
Dargaggoonni hedduun sirni 'Nafxanyaa' MM Abiy Ahimad golgachuun aangootti deebi'uuf carraaqaa akka jiru akka amanan waan taasifameef du'a Haacaaluu Hundeessaa hordofuun dhalattoota Amaaraa fi qabeenya isaaniirratti miidhaan gahuu hima. Kuni guutummaatti dogoggora ta'u hima ibsi kun. Hokkora ajjeechaa Haacaaluu Hundeessaa hordofee uumameen wal qabatee hogganoonni siyaasaa olaantumaa heeraa biyyattii diiguuf yaalan akkasumas namoonni ajjechaa Haacaaluun shakkaman to'annoo jala oolfamuu ibsichi himeera. Mootummaan dursee maatii Haacaaluu waliin erga mari'atee booda fedhii isaanitiin reeffi isaa gara Amboo geeffamaa osoo jiruu, gareen Jawaar Mohaammad akkasumas Baqqalaa Garbaa keessa jiran humnaan reeffa Finfinneetti deebise jedhan. Reeffa gara waajjira Paartii Badhaadhinaa seensisuuf wayita jedhanis walitti bu'iinsa uumameen miseensi poolisii tokko ajjeefameera jedhan. Jawari fi Obbo Baqqalaa dabalatee namoonni 35 qabaman meeshaa waraanaa waliin qabamuus hima ibsichi. Namoonni kunneen sababa ilaalcha siyaasaa isaaniitiin qabaman jedhamee duulli miidiyaa hawaasaa irratti taasifamu dogoggora jedha ibsi kun. Namoonni kunneen yakka raawwachuufi heera mootummaa waan faallessu dalaguun shakkamanii hidhaman jedheera. Namoota siyaasaa fi rogeeyyiin bebbeekamoos seeraan ol miti jedha ibsi kun. Ammatti rakkoon nageenyaa Finfinnee fi Oromiyaa keessatti uumamee ture guutummaatti to'atamuufi mootummaan olaantummaa seeraa kabachiisuuf kutannoo jabaa akka qabu akeekee jira.
Odeessa Mana Hidhaa: "Mana hidhaa keessatti nu guddifatanii, seeratti nu dhiyeeffatan" Yeroo gara garaa sadi walumaagalatti waggoota 12'f hidhame. "Jalqaba yoon hidhamu umuriin koo himatamuuf waan hin geenyeef, mana hidhaa keessatti na guddifatanii" jedha. Urgeessaa Daammanaa Kumsaa jedhama. Amma dargaggeessa ganna 29ti. Dhalataa magaalaa Amboo yoo ta'u A.L.I bara 1995 barataa kutaa 6 tahe hiriyoota isaa 14 waliin Ambootti hidhame. Namoota yeroos waliin hidhame keessaa weellisaa Haacaaluu Hundeessaa tokko ta'uu hima. "Sababni hidhamneef ABO deeggartu, ABO'n dabballummaa isin leenjisee dabballummaa kanaanis nama ajjeestaniittu jedhamneeti" jedha. Yeroos umuriin keenya yoo guddate 14 ta'a kan jedhu Urgeessaan, umuriin keenya himatamuuf waan hin geenyeef "mana hidhaa keessatti nu guddifatanii" jedha. "Seerri biyyattii waggaa 18 gadi mana murtiitti dhiyeessuu waan hin dandeenyeef, mana hidhaa keessatti nu guddifatanii waggaa afur booda seeratti nu dhiyeeffatan." Manni murtiis ragaa malee waggaa 10 akka itti murteesseefi hidhaa waggaa jaha booda A.L.I bara 2001 gadi dhiifamuu BBC'tti himeera. Akkuma mana hidhaatii baheen mana barnootaatti debi'ee barumsa isaa itti fufe. Waggoota sadi booda garuu marroo lammataaf A.L.I bara 2003 to'annoo jala oole. "Gidiraafi dararaa Maa'ikalaawii fi Qaallittii waggaa lamaan booda bara 2005 bilisa bahe" jedha. "Fincila diddaa gabrummaa magaalaa Ambootti 2006 dhooheen booda na adamsanii bara 2007 na qaban," jedha. "Ana waliin Qajeelaa Galaanaa, Sabkeebar Baqqalaa fi Abdataa Olaansaa, nama afur turre" kan jedhu Urgeessaan Abdataa Olaansaa biraa wareegamuu dubbata.
Marroo sadaffaaf waaggoota afur erga hidhamee booda Waxabajjii 14 bara 2010 gadi dhiifamuu dubbata. "Waggaa 6 hidhamtee gaafa baatu, hiriyaan kutaa 6 waliin barataa turte kutaa 12 gahee si eega" kan jedhu urgeessaan "yoo xiqqaate umurii koo irraa waggaa 15 hatameera" jedha. Dararaan mana hidhaa keessatti irra gahaa ture kan dhala namaaf hin malledha jedha. Reebicha hamaa irra gaheen akka fedhetti gadi jedhee ol jechuu akka hin dandeenyefi iji isaa bitaa qulqulleessee waa dubbisuu akka rakkatu himeera. Turtii mana hidhaa waggoota 12 keessaa wanti yoomu qalbii keessaa nan badne wanta gaafa manni hidhaa Qilinxoo gubatu raawwatedha jedha. "Eessaa akka abidda fidan hin beeknu ofii isaanii abidda qabsiisanii, mana nuti keessa jirrutti abiddatu boba'aa akka nuti gadi hin baane ammo rasaasaan nu ittisu turan." "Akka tasaa mucaan Tamasgen Tsaggaayee jedhamu baanaan rasaasaan balbala fuulduratti rukutan, gaafa ol kaasuuf itti fiignu nutti dhukaasanii rabbit nu baase" jedha. "Rasaasa irraa hafnus rooba hamaa roobaa ture keessa qullaa nu teesisanii akka nama bofa reebuutti uleedhaan nu reebani" jedha. Nyaataafi uffata nu dhoowwatanii ji'a tokkoof dararaa yoomuu hin dagatamne keessa turre jechuunis dubbata. Wayita mana hidhaa turree warra kophee hin qabne, warra waan uffatan hin qabne walirraa ilaallee wal gargaaraa turre jedha. "Yoo gaddi nutti dhufe wal jajjabeessina, osoo hin jaalatiin Kaabaa Kibbaa, Bahaa Dhihaa walitti nu fidanii wal nu barsiisan, nu miidhuutti nu fayyadani" jedha. Hiriyoota isaa hedduu du'aan of biraa dhabuu kan himu Urgeessaan mana hidha keessatti yaala argachuun rakkisaa ture jedha. "Ijoolleen Oromoo rasaasa qofaan du'aa hin turre kan summaa'anii du'anillee jiru" kan jedhu Urgeessaan mana yaalaa deemuuf soda qabna turre jedha.
"Ijoolleen Oromoo rasaasa qofaan du'aa hin turre kan summaa'anii du'anillee jiru" kan jedhu Urgeessaan mana yaalaa deemuuf soda qabna turre jedha. Nama waggaa dheeraa hidhamee baheef jiruun bu'aa bayiin guutuu ta'uu dubbata Urgeessaan. "Mana hidhaati baatee hawaasatti yoo makamtu, gariin hojjetatee of harkaa qaba gariin ammo baratee ogummaa isaatiin of jiraachisa, ati garuu hirkataa taata" jedha. Wayita qabamu ragaan barnootaa isaa irraa fuudhatamuu kan dubbatu Urgeessaan barnoota itti fufuullee akka hin dandeenye dubbata. "Ragaan barnootaa koo eessa akka jiru hin beeku" jedha. Rakkoon hedduun jiraatullee kana akka rakkootti hin himannu jedha. Maali jennaan "kan nu biraa lubbuu isaanii dhabantu jiru, nuyi kana hadheessinee yoo himanne seenaa isaaniitu gatii dhaba" jedha. Harsaa hidhamtoonnifi wareegamtoonni Oromoo kafalan akka lafatti hin badne paartileen siyaasaas ta'e qaamoleen hawaasaa gara garaa tokkummaan cimanii hojjechuu qabu jechuunis dhaameera. Akka Urgeessaan jedhutti ammallee namoonni mana hidhaa jiran jiru. Warra mana hidhaa jiraniin altti ammo kanneen achi buuteen isaanii hin beekamne "manni haa lakkaa'u" jedha. "Ani kanan beeku ijoolleen Amboo qofti kan du'uuf jiraachuun isaanii hin beekamne hedduudha" jedha. Kanneen maqaan isaanii asii gaditti eeraman warra Urgeessaan achi buuteen isaanii hin beekamu jedhedha. Namoota achi buuteen isaanii dhabame rogeeyyiifi qaamni dhimmichi ilaallatu osoo iyyaafatanii jechuunis dhaameera.
CPJ’n uggura intarneetii fi gaazexeessitoonni OMN ‘hidhamuu’ balaaleeffate Gareen walabummaa miidiyaafi gaazexessitootaaf falmu ‘Komitii to Pirotekt Joornaalists’ (CPJ) jedhamuun beekamu isaa mootummaan Itoophiyaa intarneetii cufe balaaleeffate. Ibsa gareen kuni gaafa Kibxataa baaseen qaamonni nageenyaa waajjira OMN magaalaa Finfinnee jiru to’atan jechuunis balaaleeffateera. ‘‘Qondaaltonni intarneetii dafanii gadhiisuu qabu. Gaazexeessitoota Oromiyaa Miidiyaa Netwoork hojiirraa hidhaman gadhiiifamu qabu. ‘’Akkasumas gaazexeessitoonnii mormii jiru nageenya isaaniif osoo hin sodaatin akkasumas bilisummaan akka hojjetan wabii kennuufi qabu,’’ jedhan bakka bu’aan CPJ Sahaaraa gadi Mutooki Mumoo. Dabalataanis, dhaabbati kuni ibsa baasen yeroo ummanni odeeffannoo wayitawaa ta’e fedhutti akkuma duriin miidiyaalee hacuucuun gaddisiisaadha jedheera. Guyyaa kaleessaa, Kibxata, ganama akka lakkoofsa Itoophiyaa sa’aatii 3:00 eegale intarneetiin bakkeewwan hedduu biyyattii keessa dhabamee ture. Haa ta’u malee, sa’aatii muraasa booda deebi’us deebi’e badeera. Dhaabbanni sochii intarneetii to’atu, Netblocks’ jedhamullee kanuma mirkaneesse. Gama kaaniin, miidiyaan OMN miseensonni poolisii federaalaa waajjira dhaabbatichaa magaalaa Finfinnee jiru adeemuun hojjetoota hunda fuudhanii deeman jechuun kaleessa fesbuukii isaarra barresseera. Haa ta’u malee, sababa qabaman jedhamanif wanti ifatti beekamu hin jiru. BBC’n gaggeessitoota dhaabbatichaa irraa qulqulleeffachuuf yaaluus hin milkoofne. Editarri miidiyichaa Ameerikaa irraa hojjetu Usmaan Ukkumee CPJ’f akka ibsetti ‘gaazexeessitoonni meeqa akka hidhamanis ta’e eessa akka tursiifaman hin beeku’ jedheera.
Editarri miidiyichaa Ameerikaa irraa hojjetu Usmaan Ukkumee CPJ’f akka ibsetti ‘gaazexeessitoonni meeqa akka hidhamanis ta’e eessa akka tursiifaman hin beeku’ jedheera. Maaliif intarneetiin cufame? Itoophiyaan intarneetii kan dhaamsite ajjeechaa weellisaa Hacaaluu Hundeessaa booda ummanni mormii isaa ibsuu erga eegaleeti. Mormiiwwan hedduu garuu hookkaratti jijjiiramani. Hanga yoonaa lubbuun namoota torbaa magaalaa Adaamaafi Cirootti darbuu BBC’n hospitaalota irraa mirkaneeffateera. Kanneen 100’tti siqan immoo magaalota kaan dabalate miidhamaniiru. Haa ta’u malee, lakkoofsi namoota miidhamanii kana akka caalu amanama. Waajjiralee mootummaafi dhuunfaallee gubachuu odeeffanneerra. Guyyaa kaleessaa ergaa kan dabarsan MM Abiy Ahimad namoonni hedduu miidhamaniiru jechuun dubbatan. ‘Namoonni baay’ee har’a miidhamanii jiru. Nageenya eegsisuf bahanii,obboleessa isaanii gaggeessuuf bahanii kan bakkeetti hafan ni jiru.’ Jedhan MM Abiy. Ta’us, qondaaltonni intarneetiin maaliif akka adda cite waan dubbatan hinq abani. Akka kana dura beekamutti taanaan garuu, yeroo rakkoowwan nageenyaa dhalatan mootummaan intarneetii cufaa ture. Kunis, ‘nageenya ummataaf jecha’ taasifama jechuun kana dura MM Abiy Ahimad dubbachuun isaanii ni yaadatama. Sababa waliigaltee dhabuu bakka owwaalcha Hacaaluu Hundeessaa irratti uumameen immoo poolisiin Jawaar Mohaammad dabalatee namoota 35 hidhu kaleessa beeksiseera.
Ambotti abbeera Haacaaluu dabalatee yoo xiqqaate namoonni shan ajjeefaman Magaalaa Amboo keessatti har'a hokkora dhalateen yoo xiqqaate lubbuun namoota shanii darbuu fi namootni jaha ta'an rasaasan rukutamuu Ogeessi Fayyaa Hispitaala Amboo BBC'tti himan. Ogeeessi Fayyaa Hospitaalichaa Dr. Dammaqaan namoota jaha rasaasaan rukutamanii Hospitaalicha gahan keessaa sadii balaan cimaa jedhamu isaan mudachuu BBC'tti himaniiru. Sadeen miidhaa guddaan irra gahe garaa keessa rasaasaan dhahamanii akka ta'es himaniiru. Kanaan alatti garuu reeffi namoota shanii hospitaala gahe maatiin fudhachuu isaa quba akka qaban Dr. Dammaqaan dabalanii himaniiru. Karchallee Amboo hanga Galma Barkumee - wallee fi qabsoo Haacaaluu Hundeessaa CPJ’n uggura intarneetii fi gaazexeessitoonni OMN ‘hidhamuu’ balaaleeffate Ganama har'aa magaalaa Ambootti hokkorri dhalatee yoo xiqqaate namootni shan du'anii kaan akka miidhaman sababa ta'e Awwaalchi Art. Haacaaluu Hundeessaa magaala Finfinneetti ta'uu qabaa lakkii hin ta'u kan jedhuun akka ta'e jiraataan magaalittii ganama mana maatii Art. Haacaaluu tureefii Komiinikeeshiniin magaalittii ni himu. Magaalaa Amboo keessatti ganama irraa eegalee dhukaasni akka tureefi dhaadannoon gara garaa dhaga'amaa akka ture waajira Kominikeeshinii magaalaa Amboorraa Obbo Milkeessaa Fayyeeraa BBCtti himan. Reeffa Haacaaluu Finfinnee geeffannee awwaallanna garee jedhuufi firoonnii fiobbolaan isaa ammoo Ambotti yaa awwaalamu jechuurratti waldhabdeen dhalatee nuun jedhan. Koreefi mootummaanis kanuma waan deggeraniif ture kan kaleessa reeffi gara magaalaa Amboo dhufe jedhu Obbo Milkeessaan. "Kana gidduutti reeffa sana ni fudhanna kan jedhuuniin dhukasni banameera. Magaalaa keessattis boombiin poolisootarratti darbatame jira." Magaalaa keessatti eenyutu kana godha kan jedhu beekuudhaaf haalli jiru walmakaa waan ta'eef, adda baafamee kan beekamne akka hin jirre himan.
Sana keessatti humni waraanaa tasgabbeessuudhaaf dhukaasaa ture kan jedhu Obbo Milkeessaan, namoonni qophii sirna awwaalchaa bareedee akka gaggeefamuuf taasisaa jiranis waan turaniif nama hangamtu miidhame kan jedhu ammatti hin beekamne jedhan. ''Eenyutu rukkutame ykn maaltu maal ta'e kan jedhu adda bahee hanga yoonaatti hin beeknes'' jedhan. Dhukaasa qe'ee maatii Art. Haacaaluutti baname kanaan miseensa maatii Haacaaluu keessaa abbeeran isaa ajjeefamuu jiraattootnifi qoondaalli mootummaa nuu mirkaneessaniiru. Haata'u malee rasaas eenyu dhukaaseen akka ajjeefame adda baasanii ibsuun hin dand'amne. Jiraatan magaalittii taateen sun wayita dhalatu achi ture rasaasa Poolisi Federaalaa haalicha tasgabbeessuuf seeneerraa dhukaafameen ajjeefamuu yoo mirkaneessu, Hoogganaan Kominikeeshinii Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Geetaachaw Baalchaa ammoo qaamota hidhatanii turan biroon akka ajjeefaman dubbatu. Jiraataa kan biroonis dhukaasni kan baname qaama nageenyaa irraayii nuun jedhe. Jawaar Mohaammad dabalatee namoonni 35 to’annoo jala ooluu poolisiin ibse 'Ani saba kiyyaaf hanga wareegama lubbuuttin yaada' - Haacaaluu Hundeessaa Naannoo sa'aa sagaliitti wayita dubbifnu ammallee sagaleen dhukaasaa dhagaahamaa jiraa nuun jedhe. Dhukaasni erga eegalee koreen sirna awwaalchaa kamisa gaggeessuuf qophaa'aa jiraniis haalli hammaannaan qe'ee qe'ee isaaniitti galan jedha. Qe'ee maatii Haacaaluutti ''namni gadda ibsachuu dhaqus hin jiru, nutis sodaannee qe'eerraa fagaanneerraa'' jedha. Manni maatii qaamolee nageenyaan marfamee jiraas nuun jedhe. Gareen sirni awwaalchaa isaa magaalaa Finfinneetti raawwachuu qaba jechuun hookkarri akka ka'u godhan ammas maatii Haacaaluu Hundeessaa irra miidhaan akka gahu godhaniiru jechuun BBCtti himan Obbo Getaachoon.
Gareen sirni awwaalchaa isaa magaalaa Finfinneetti raawwachuu qaba jechuun hookkarri akka ka'u godhan ammas maatii Haacaaluu Hundeessaa irra miidhaan akka gahu godhaniiru jechuun BBCtti himan Obbo Getaachoon. ''Ammaaf sirriitti adda baasuu baannus eessumni Haacaaluu Hundeessaa rasaasaan dhahamuun ajjeefamuu dhageenyerra. Obboleessa haadhaa tahuu fi obboleessa Abbaa tahuu garuu waan adda baasne hin qabnu,'' jedhan. Abbaan isaa rasaasaan dhahame kan jedhu sobadha. Garuu maatii irra miidhaa geessisuutti ce'aniiru jechuun BBCtti himan. Qaamni uffata siivilii uffatee hidhachuun uummata keessa galee rakkoo kana uumuu fi dhukaasa banee jira jedhan Obbo Geetaachoon. Poolisii irrattis dhukaasni banamuu himaniiru Obbo Geetaachoon. Kana irraa kan ka'e magaalicha keessa dhukaasni jiraachuufi namootni miidhaman akka jiran BBCttihiman. Sirna awwaalchaa irratti mootummaan dhiibaa taasisaa jiraa? Obbo Geetaachoon mootummaan naannoo Oromiyaa sirni awwaalchaa isaa Kamisa boruu akka raawwatu beeka jedhan. Pirezidaantii Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaas haaluma kanaan sirni gaggeessaa gootaa akka taasifamuuf ibsa kennaniiru jedhan Obbo Geetaachoon. ''Maarsh Baandiin deeggaramee sirna gaggeessaa gootaatu godhamaaf. Kanaaf ammoo mootummaan deeggarsa taasisa.'' Bakka awwaalchaa kan murteessu maatiidha jedhanii Obbo Geetaachoon qaamni mootummaa dhiibbaa taasise hin jiru jedhan.
Daawud Ibsaa: 'Oromoon qabsoo keessatti ilmaan qaqqaalii dhabaa dhufe, kan Haacaaluu kun garuu bakka murteessituu kan geesse nutti fakkaata' Waggoottan darban keessa Oromoon ilmaan isaa qaqqaaliifi kichuu, akkasumas manguddoota qabsoo gaggeessaa ture keessatti dhabeera kan Haacaaluu ammaa kun ammoo bakka murteesituu geese nutti fakkaata jedhan Hayyuu Dureen ABO Obbo Daawud Ibsaa. Artistii beekamaafi jaallataamaan Oromoo Haacaaluu Hundeessaa erga ajjeefamuun dhagahamee namootni hedduun gadda isaanii ibsachaa jiru. Obbo Daawud ajjeechaan artisti Haacaaluu irratti raawwate ‘’suukaneessaafi kan garaa nama gubudha,’’ jedhan. Obbo Dawuud gadda guddaan akka itti dhagahame ibsuun maatiifi uummata Oromoo maraaf jajjabina hawwaniiru. ‘’Ajjeechaan kun uummata Oromoo biratti addatti ilaalama. Dhuguma lubbuun namaa waaqaa biratti wal qixa tahus kan Haacaaluu kun uummata Oromoo keessatti qabsoo isaafi jireenya isaa waliin walitti hidhamee ilaalama.’’ Hayyuu Dureen ABO Obbo Daawud ajjeechaa nama Oromoon akka ija isaatti ilaalu kanarratti raawwachuu cimsinee balaaleffanna jedhan. Obbo Daawu kaleessa galgala akkuma Haacaaluun ajjeefameen komishiniin Poolisii magaalaa Finfinnee namoota muraasni to’atamuu ibsee akka ture yaadachuun, "Faana ajjeechaa mucaa kanaa balleessuu hin qaban". Itti dabaluun qaamni walaba taheefi dhimma siyaasaaf hin hojjenne ajjeechaa Haacaaluu irratti raawwate kana qorachuun uummataaf ibsuu qaba jedhan. Ajjeechaa kana irratti shakkii qabna’’ Obbo Daawud Ibsaa ajjeechaa kana irratti yeroo gabaabduu kana keessatti maqaa dhahuu baannus shakkii qabna jedhan. ‘’Warri Kisaaraan polotikaa irra gahe gurbaa beekamaa kana irratti tarkaanfii fudhatanii kallattii qabsoo jijjiirruun uummataafi uummata wal fuuldura dhaabuuf gochaa godhamedha jennee shakkina.’’ Waggoota dheeraaf kan qabsoofne sabaa fi sablammoota biyya kana keessa jiran hundaaf waan taheef ammas uummataafi uummata gidduu ilaalchi addaa jiraachuu hin qabu jedhan.
‘’Warri Kisaaraan polotikaa irra gahe gurbaa beekamaa kana irratti tarkaanfii fudhatanii kallattii qabsoo jijjiirruun uummataafi uummata wal fuuldura dhaabuuf gochaa godhamedha jennee shakkina.’’ Waggoota dheeraaf kan qabsoofne sabaa fi sablammoota biyya kana keessa jiran hundaaf waan taheef ammas uummataafi uummata gidduu ilaalchi addaa jiraachuu hin qabu jedhan. Oromiyaa keessa uummata saboota garaagaraatu jira kan jedhan Obbo Daawud ajjeechaa kana hordofee walitti bu’insi akka hin uumamne dhaaman. ‘’Sirna irratti malee uummata kam irratti iyyuu qabsoo hin goone.’’ Kanaaf uummatni keenya ilaalcha kana osoo hin jijjiirratiin uummata hundumaaf kabajaa qabaatee qabsoo isaa itti fufuun Haacaaluu eenyu akka ajjeese adda baasuuf hojjechuu qabu jedhan. Magaalaa Finfinnee keessas dippilomaatotaafi sabaafi sablammii hedduutu jira waan taheef lubbuu fi qabeenya nama hundaa tiksuun barbaachisa jedhan Obbo Daawud. Kanarratti dargaggoonnii fi uummatni keenya gahee isaa bahachuu qaba jedhan. Dhuma irrattis humni nageenyaa siyaasa waliin osoo wal hin makiin itti gaafatamummaa isaa bahachuu qaba jedhan.
Diinagdee Itoophiyaa: Waldhabdee Rizoortii Soodaree fi Mootummaa Dokumantariin OBS fi OMN irratti darbe eenyummaa Obbo Dinquu waan hin ibsineef kan WALTA kuni akka hojjetamu ta'e, Bulchaa Godinaa. Riizoortiin Sodaree sababa waldhabdee Mootummaa, hawaasa Naannoo fi Rizoorticha gidduu jiruun erga cufamee baatiin sadi lakkaahameera. Gorsaa seeraa Obbo Dinquu Dayyaasii fi Abukaatoon dhaabbilee isaanii Obbo Gammachuu Guutamaa Rizoortiin Soodaree akeekkachiisaa fi halduree tokkoon alatti qaama mootummaa cufuufillee aangoo hin qabneen akka cufamu ta'e jechun himatu. "Riizoortiin kuni hoteela guddaadha qabeenya hedduutu nyaataaf kuusaa keessaa qaba. Qabeenyi hedduun kan yeroo gabaabaa keessatti kan badudha. Akeekkachiisa tokkoon alatti waajjirri daldalaa aanaa Adaamaa saamsee deeme" jedhan. Bulchiinsi Godina Shawaa bahaa ammoo Rizoortiin Soodaree sababa qonnaan bultoota naannoo humnaan buqqisee fi galii mootummaan argachuu malu dhabsiiseef akka cufamu murtaa'e jedha. Bulchaan Godinichaa Obbo Halakaa Simbirruu dhaabbanni Sodaree cufamuudhaan dura kaffaltii irraa eegamu akka kaffaluuf xalayaadhaan beeksifamaa turus raawwachuu waan dideef cufame jechuun himan. "Abbaa qabeenyaa keenya jajjabeessuu qabna dafnee tarkaanfiitti hin gallu jennee obsaa turre. Dhaabbatichi garuu harkifannaa keessaa bahu hin dandeenye. Kanaaf akka cufamu ta'e" jechuun himan. Waajjirri Galiiwwanii Aaanaa Adaamaa Riizoortiin Soodaree kuni gibiraa fi taaksii irraa eegamu waggootaaf kan hin kanfalin ture hanga miiliyoona 100 fi miiliyoona 56 ta'u akka irraa qabu ibsee ture. Dhaabbantichi garuu erga hundaa'erraa taaksii irraa eegamu kafalaa turuu fi hamma irraa eegamu hin kanfalle taanaan ammoo dadhabina waajjira galiiwwanii yoo ta'e malee seeraan gaafatee kanfalchiisuu inuma dandaha ture jedhan Obbo Gammachuun.
Obbo Tufaa Badhaadhaa Qonnaan bultoota qabiyyee kiyyatti Rizoortiin Soodaree balateera jedhanii komatan keessaayi. Lafa amma Riizoortiin Soodaree itti babal'ifannaa hojjechuu jalqabe kanarratti ragaa abbaa qabiyyummaa lafaa akka qabanii fi itti fayyadamaa turuus eeran. "Lafa kana mootummaa Dargii keessa hirmaatan maatii keenyaaf kan kennamedha. Lafti kuni gara caalaan isaa lafa jal'isiiti.Erga riizoortiin kuni dhuunfaatti gurguramee amma marsaa sadaffaa lafti keenya dhiibamaa jira" jedhu. Obbo Aabbuu Botee fi Aadde Loomii Roobalees lafa kana osoo nun amansiisin bifa humnaan deeggarameen nurraa fudhatamee gara qaama seeraatti iyyachaa turre jedhu. "Lafti kuni bara dargiituu kan abbaa kiyyaa ture. Daangaa Soodareetiin ala. Garuu abbaan qabeenyaa kuni namoota kaan qarshiidhaan goyyomsuudhaan daangaa isaa keessa waan jirtaniif gadhiisaa bahaa jedhamnee doorsifamaa turre.nutimmoo lubbuu keenya irratti dhabna malee jennee didne" jedha Aabbuun. Obbo Dinquun Qaamaan qonnaan bultoota kanneen bira deemuun mariisisuu fi beenyaa mootummaan kanfaluun qixa akka nuuf kanfalan nutti himanis wayita kanfaltiin raawwatamu garuu hamma jedhameen gadi nuuf kennanis jedhu. Qonnaan bultoonni kunneen Lafa jal'isiitiif beenyaan abbaan qabeenyaa kuni nan kenna jedhe bu'aa lafa kanarraa argannuun waan wal hin gitneef iyyachuuf dirqamne jedhan. "Abbaan qabeenyaa kuni lafa jal'isii ittiin maatii keenya jiraachifnu kana gatii madaalaawaa ta'ee fi karaa seera mootummaa eegeen yoo nuuf kanfalan misooma hin jibbinu. Kan nuti didaa jirru waan humnaan deemamuu fi faayidaa keenya miidhaa jirudha" jedhan. Riizoortiin Soodaree yeroo dhaabbilee misooma Moootummaa irraa gara dhuunfaatti darbu qabiyyeensaa hagam ture, kan jedhu gaafachuuf qaamaan waajjira lafaa Aaanaa Adaamaa wayita deemnee gaafanne waajjiricha ragaa lafa kanaa akka hin qabne nutti hime.
Bulchaan Godina Sahwaa bahaa Obbo Halakaa Simbirruu, Riizoortiin Soodaree wayita gara nama dhuunfaatti gurguramu ragaa guutuun qabiyyeen isaa haga kana jedhu qulqullaa'ee waan hin ibsamneef rakkinichi achirraa kan jalqabudha jedhu. "Yeroo rizoortiin kuni gurguramu qabatamaatti kan lafarra jiru maali jedhamee osoo hin ilaalamin caldhifamee gurgurame. Seenuma gaafa jalqaba hundaa'etiin darbe. Dhugaan lafarra jirummoo sanirraa adda.ka'umsi rakkoo kanaa asiiyi"jedhan. Qabiyyeen lafa Soodaree hangana kan jedhu bulchiinsi lafaas ta'ee bulchiinsi Godina Shawaa bahaa ragaa qabatamaa akka of harkaa hin qabnes himan. Ta'us waggoota soddomaa fi Afurtma darbe kanatti qonnaan bulaan itti fayyadamaa turee fi ragaa abbaa qabiyyummaa qabu jiraachuu nibeekna jedhu Obbo Halakaan. Yeroo ammaattis dhaabbata kana ilaalchisee aanaadhaa hanga biiroo Invastimantii Oromiyaatti wanti beekamuu fi waliigalteen taasifame tokkoyyuu hin jiru jedhan. Gorsaa Seeraa Obbo Dinquu Dayyaasaa fi Abukaatoon Dhaabbilee isaanii Obbo Gammachuu Guutamaa ammoo Riizoortiin Soodaree gaafa bitamu sanada Guutuu waliin waan ta'eef qabeenyichi hangam akka ta'e nuti ofharkaa qabna jedhan. "Soodareen gaafa jalqaba caalbaasiidhaaf dhihaatee bitamu lafa Hektaara 427. Lafa baay'ee bal'aa ta'edha kan bitame. Soodareen hanga har'aattuu lafa bite hektaara 427 kana keessaa harka 40 caalaayyuu hin fayyadamne. " jedhan. Yeroo bara 2003 bittaan kuni raawwatamutti lafti bitame hektaara 427 ta'us qonnaan bultoonni laficha keessa qubatan jiraachuus hin haalle. Qonnaan bultoonni lafa Soodaree keessa qubatanii jiran kunneen garuu bifa lama ta'uu eeran Obbo Gammachuun, "Isaan yeruma soodareen harka mootummaa tureyuu achi keessa qubatan nijiru.
Kaanimmoo erga soodareen gara dhuunfaatti jijjiiramee beenyaa argachuuf achitti galan nijiru.silaa erga gurguree jalqaba qonnaan bultoota kanaaf beenyaa kanfalee achirraa kaasuun dirqama mootummaa ture" Jedhan. Soodareen qabiyyee mootummaarraa bitateen ala bahee qonnaan bulaa buqqise akka hin jirree fi miidhamni qonnaan bulaa irra gahes ka'umsi mootummaan dirqamasaa bahu dhabuurraa madda jedhan. Komii bulchiinsi Godina Shawaa bahaa dokumentiiwwan waa'ee Riizortii Soodaree ibsan nabira hin jiru jedhu kan ilaaleenis, "Dhuguma dokumentiin kuni isaan bira jiraachuu dhiisuu mala. Bittaa fi gurgurtaan dhaabbilee misooma Mootummaa Federaalani kan raawwatame waan ta'eef. Garuummoo bulchiinsi godinaa ragaa kana walitti qabachuu inuma dandaha ture. Waan ragaa gahaa hin qabnu jedhuuf cufuun garuu sirrii miti" jedhan. Mootumaan dhaabbanni Soodaree erga bitamee jalqabee taaksii irraa eegamus sirnaan kanfalaa akka hin turre himuun kuufama maallaqaa dhaabbaticharraa qabu hanga kaffalutti saamse. Qaamni mootummaa kan galii sassaabu waggoota hamma kanaaf callisee akkamitti ilaalaa ture? Obsi waggoota dheeraa amma maaliif tarkaanfiitti cehe? Bulchaan Godinaa Obbo Halakaan kuufamni waggoota dheeraa obsa mootummaan agarsiise ta'us hanqinni hojmaata mootummaas rakkoo gama biraa ture jedhu. "Gama mootummaatiin waggaa saddeet sagal osoo gibira hin kanfalchiisin turuun waan ta'uu hin malle. kuni rakkoo caasaa mootummaati. Ta'us yaaliin tureera. Aanaan humna kiyyaa oli jedhee Oromiyatti barreessaa ture. Yeroodhaan tarkaanfii fudhachuu dhabuun rakkooma gara mootummaati" jedhan. Dhaabbanni Soodaree garuu waggaa waggaadhaan waan irraa eegamu kanfalaa turuu fi heeyyamni daldalaas waggaa waggaan haaromsee qabaachuu eera. Taaksii hin kanfalamne, dhalaa fi adabbii miiliyoonotaan lakkaahamu waajjirri galiiwwanii Riizoortiin soodaree hin kanfalle jedhu kuni garuu dhaabbatichi waan beeku akka hin qabne himan.
Taaksii hin kanfalamne, dhalaa fi adabbii miiliyoonotaan lakkaahamu waajjirri galiiwwanii Riizoortiin soodaree hin kanfalle jedhu kuni garuu dhaabbatichi waan beeku akka hin qabne himan. Yeroo ji'atti dhihaatuun dura OBS fi OMN irratti dokumantariins seenaa Obbo Dinquu Dayyaasaa irratti xiyyeefate uummata bira gahee ture. Dokumantariin kuni seenaa obbo Dinquu ijoollummaadhaa hanga ammaa jiru milkaa'inaa fi arjoomina isaanii irratti kan fuullefate ture. Torbee kana keessa ammoo miidiyaa WALTA'tin dokumantariin dhoksaa Riizoortii Sodareetin duuba jiru jedhu uummata bira gaheera. Bulchaan Shawaa Bahaa Obbo Halakaan dokumantariin OBS fi OMN irratti waa'ee Obbo Dinquu Dayyaasaa Darbe dhugaa jiru kan hin mul'isne waan tureef WALTA dhaan dhugaa jiru akka mul'atuuf hojjetame jedhan. "Dokumantariin OBS fi OMN irratti darbe ergaa namni kuni nama sabboonaa , kan sabaaf dhaabbatu akka ta'ee fi ta'e jedhamee miidhaan irratti deemaa jira ergaa jedhu kan qabudha. Wanti kuni uummata biratti burjaajii akka hin uumneef dhugaa jiru akka beekamuuf inni kuni hojjetame" jedhan. Gorsaan seeraa Obbo Gammachuun garuu Dokumantariin Walta dhaan Hojjetame kuni dhimma seeraan manni murtii qabatee jiru irratti dhiibbaa uumuuf kan hojjetamee fi seera miidiyaallee kan cabse ture yaada jedhu qabu. "WALTA'n miidiyaa eenyuu akka ta'e nibeekama. Kanaafuu abbootiin seeraa waan kana ilaalanii hagam qulqulluu ta'anii hojjetan kan jedhu baayyee nu yaaddessa. Fuuldurattuu dhimma keenyarratti haqa arganna jennee yaaduuf nirakkanna. Gocha sirrii hin taane sirrii fakkeessuuf waan hojjetamedha" jedhan. Sodareen erga cufamee ji'oota sadan darban kanatti qabeenya achi keessatti qisaasamuun alatti galii argachuu malu tilmaamaan hanga miliyoona 15 ta'u akka dhabsiifames Obbo Gammachuun BBC'tti himaniiru.
Seenaa Haji Adam Saaddoo iccitii liqimsuun gamatti Hajii Adam Saaddoo namni hedduun iccitii qabsoo Oromoo luqimsuu isaaniin beekuu seenaan qabsoo isaanii hedduun hin baane jiraa jedhu ilmi isaanii barreessaa Muusaa Hajii. Haji Adam Saaddoo bara 1877 Godina Baalee Aanaa Gobbaa ganda Daraara Magidaa jedhamutti dhalatan. Haji Adama xiqqeenyarraa qabanii waggoota 104 lafarra jiraatan keessatti qabsoo bifa garaagaran gaggeessaa turaniiru jedhu ilmi isaanii barreessaa seenaa ta'an Muusaa Hajii. ''Waggaa 15fi 18 irraa qabanii diddaa gabrummaa keessa kan seenan gaafa weerartootni minilik Baalee qabattu, Nafxanyummaan biyya keenya keessatti fudhatama akka hin arganne uummata kakaasuun ture.'' Bara Haayila Sillaaseettis Baaleen Harargee waliin walitti qabamtee yeroo bultutti gaffii ofiin buluu qaamaan dhaqanii mootii Hayilasillaasee gaafachuus yaadatu. ''Biyya Itoophiyaa jedhamtu kana akka bulchinuu rabbitu nutti kenne jettee dubbata. Yoo galmee biyya Oromiyaa bulchuu rabbiirraa fudhattu kana Baalee keessattti argitee.'' Boodas mootiin Hayilasillaasee Baale daawwachuuf yoo buufata xiyyaara dhufan hundi nama gadi jedhee yoo simatu Hajii qofatu dhaabate jedhu. Yeroo gaafatamaniis ''ani rabbiif malee namaaf gadi hin jedhu jedhan.'' Dhimma abbaa lafaa fi biyya ofii ta'urratti qabsoo gaggeessan laaffisuuf jecha badhaaa Hayilasilaaseen qopheessaniif diduun gootummaa isaanii ibsaniirus jedhu ilmi isaanii. ''Maqaa federaalummaatiin Kaabbaa fi badhaasa adda adda yoo kennaniif, wayita san Dalloorratti lolli deemaa waan tureef ani hin fudhadhu kobbortaas ofii bitachuun danda'a jedhan.'' jedhu ilmi isaanii seenaa qoratan obbo Muusaan. Hajiin akka qabasaa'ota durii hedduu qawweetti hin amanan tures jedhu. ''Hajiin qawwee takka dhukaasanii hin beekan. Wanni bilisa nu baasu mataa jijjiiramaati jedhan.''
Qabsoon hidhannoo qonnaan bultoota Baalee wayita finiine garuu qabsoon kun bifa bittinnaa'en galma hin gahu jechuun kutaan biyyaa gidduu galeessaa qabsoo kanatti akka makamu miseensummaa Maccaa fi Tuulamaa keessatti qabaniin qabso godhamu walitti hidhuuf ka'anii jedhu obbo Muusaan. Qabsoo hidhannoo Baaleetti eegale Finfinneettis akka cimuuf xalaayaa hooggantootni qabsoo Baalee barreessan janaraal Taaddassaa Birruu fa'an gahuuf yoo ergaman namoota tikaan butamanii bakka amma Ma'akalaawwii jedhamutti tursiifamanii wayita turetti seenaan namni hedduun ittiin isaan yaadatu raawwatamuu obbo Muusaan ni himu. Achittis iccitiin xalayaan barressanii fidan akka hin baane mana fincaanii deemanii liqimsanii deebi'anii jedhu ilmi isaanii. ''Yoo isaan deebi'an Poolisiin afur sakatta'anii Hajii hidhuu dadhabanii achiis Shugguxiin yeroo hedduu harkaa hin dhabamne fi aalbee harkaa kufe.'' Xalayaa Janaraal Waaqoo Guutuufi Janaraal Huseen Buunee Daraaraan barreefame fudhatanii dhufan iccitii qabsoo Oromoo waan qabuuf liqimsuu isaanii namootni seenaa qoratan hedduun ni yaadatu. Xalayaan barreefamee ture qabsoo hidhannoo kana akkamiin walgargaaranii galmaan gahuu akka qaban kan akeeku akka ta'e obbo Huseen wanna iyyafatan irraa kitaaba isaanii seenaa Waan Garaa nu Baate jedhurratti katabuu himu. Mana fincaanii yoo dhaqanii deebi'aan namootni tikaa isan qabanii turan ragaalee fidanii dhufan akka itti kennan gaafatanii achiis sakatta'uu obbo Muusaan himaniiru. Hajiin garuu xalayaa san liqimsanii ''waan garaa nu baate garaatti deebifanne jedhaniin jedhu. Iccitiin dhokate kun maal akka ta'e Oromoo hedduu biratti hin beekamus jedhan. ''Hajiin dubbii isaanii keesatti waan garaa nu baate malee waan garaa na baate'' hin jennes jedhu. Haji Adam Saaddoo qabsoo uummanni Baalee sirna mootii Hayilasillaasee irratti taasisaa ture keessatti nama qooda adda durummaa qaban turan.
Boodarras miseensa boordii Waldaa Maccaafi Tuulamaa ta'uun hojjetaa turani jedhu pireezidantii Waldaa Maccaafi Tuulamaa kan turan Dr. Gammachuu Magarsaa. "Waldaa Maccaafi Tuulamaa fi Oromoota Baaleefi Arsii gidduutti riqicha turan," jedhu Dr. Gammachuun. Siidaan yaadannoo Haji Adama Saaddoo magaala Goobbaatti ijaaramee eebbifamuuf qophaa'aa jira. Kana ilaalchisee yaada isaanii kan kennan obbo Muusaan gammachuu guddoo qabaachuu himan. Anaan Gobbaa bakka dhaloota keenyaati. Magaalaa Gobbaa ammo bakka mana keenyaatii jedhu obbo Muusaan. Adda babayii magaala Gobbaa bakka siidaan Jeedalaa turetti siidaan Hajii dhaabbachuuf yoo jedhamu hokkorri ka'ee akka tura kan yaadatan obbo Muusaan "akkuma ta'etti gaaffii uummataa deebisuuf ijaaramuun isaa akkuma uummata Oromoo hundaa gammachiise nu gammachiisa'' jedhan. ''Nullee siidaan abbaa keenyaa ni ijaarama jennee hin yaadne, namni kaaniis hin yaadne rabbiin yeroo isaa eeggatee seenaa kana baasee.'' Suurri siidaa kanaa eebbaan dura bahuun kan hin eegamne ta'uus, badooma hin qabuu jedhan obbo Muusaan. Siidaan kun gaaffii uummataan kan ijaarame ta'uu isaatiin xumuramuun isaa uummata Oromoo hedduu gammaachiiseeras jedhan. Siidaa eebbisuu qofa osoo hin taane galma guddaa mana kitabaa qabu ijaarsisuufis bulchiinsi magaalaa Gobbaa sochii guddaatti jira jechuun himaniiru. Bulchiinsa magaalaa Gobbaatiif galata qabaniis himaniiru. Haji Adam bara 1981 wayita lubbuun darban bakkuma dhaloota isaaniitti awwaalaman. Seenaan isaanii garuu dhalootaan yaadatamaa jira. Bakka dhalootaa isaaniitti manni barnootaa sadarkaa tokkoffaa ijaaramee jiru maqaa isaanii akka mogga'u ta'eera. Baankiin Intarnaashinaalii Oromiyaa damee isaa magaala Gobbaas Haji Adam Saaddootti moggaaseera. Buufatni Leenjii Teekinikaa fi oogummaa magaala Gobbaatti argamuus akkasuma magaa isaaniin mogga'uun seenaan isaanii awwaalaan ol jiraachuu isaaf ragaadha.
Buufatni Leenjii Teekinikaa fi oogummaa magaala Gobbaatti argamuus akkasuma magaa isaaniin mogga'uun seenaan isaanii awwaalaan ol jiraachuu isaaf ragaadha.
Kalaqa: Dargaggoota moosaajii dhukkuba biqiltootaa himu kalaqan "Namni yoo dhukkubsate dhukkuba isaa ofiif himachuu danda'a. Yoo ofif himachuu hin dandeenyelle namni biraa isaaf dubbachuu danda'a. Biqilootni garuu ofii isaanitiin dubbatachuu waan hin dandeenyef maashina isaaniif dubbachuu danda'u kalaqneerra" jedha dargaggoo Jaarmiyaa Baay'isaa. Dargaggootni lamaan teesson isaanii magaala Jimmaa ta'e dhibeewwan biqiloota miidhanii omisha qonnaa xiqqeessan yaaddoo itti ta'uu himu. Yaaddoo isaanii fi kan qonnaan bultootaa furuuf immoo moosaajii dhukkuba biqilootaa beekuu dandeessisu hojjechuu erga eegalanii bubbulaniiru. Jireenyi namaa biqiltuu irratti hundaa'a waan ta'ef mosaajin isaan kalaqan biqiltuu qofa osoo hin taanee namas akka fayyadu dargaggootni kunneen himu. Dargaggoo Jaarmiyaa Baay'isaa fi Boo'ez Birhaanuu Yunivarsiitii Jimmaatti barattoota digrii lammaffaati. Dargaggoo Jaarmiyaa Baay'isaa digrii jalqabaan mummeewwan barnootaa 'Civil Engineering' fi 'Computer Science' barate. Digrii lammaffaa isaammoo mummeewwan barnootaa lama, 'Computer Networking' fi 'Project Management and Finance' jedhaman Yunivarsiitii Jimmaatti barachaa jiraachuu hima. Hiriyaansaa dargaggoo Boo'ez Birhaanuu immoo digirii jalqabaasaa Yunivarsiitii Jimmaatti muummee barnootaa 'Electrical Engineering' kan barate yemmuu ta'u yeroo ammaatti yunivarsiiticha keessatti barsiisummaan qacaramee hojjechuu cinatti digrii lammaffaa isaa muummee barnootaa 'Computer Engineering' barachaa jira. "Akka biyyaatti jireenyi keenya bu'aa qonnaa irratti kan hundaa'e dha. Haa ta'u malee omishni hedduun sababa dhukkubaan miidhamee oomishni gadi bu'a" jedha dargaggoo Jaarmiyaa Baay'isaa. Dhukkubni biqiltuu gandaa gandatti fi biqiltuudhaa biqiltuutti gargar waan ta'ef rakkisaa ta'uu isaa hima.
"Moosaajin nuti hojjenne dhukkubni midhaan sana osoo hin hubiin sadarkaa dhukkubichaa dursee nutti hima. Kanaaf sadarkaa dhukkubichaa fi biqiltuun hagam akka miidhame himuu kan danda'udha" jechuun dubbata. Moosaajii dhibee biqilootaa adda baasuf gargaaru kana 'application' mobaayilaa, kan kompiitaraa akkasumas toora marsariitin tajaajila akka kennuf hojjechaa akka jiranis dargaggootni kunneen himu. Moosaajin dargaggootni kun kalaqan suuraa baala biqilaa xiinxaluun sadarkaa fayyummaa fi gosa dhibee biqiltuun sun qabu hima. Haaluma kanaan jalqaba gara oyiruu deemun baala biqiltuu mobaayila yookin kaameeraan suuraa kaasun barbaachisa. Itti aansunis suuraa baala biqilaa oyiruu keessaa dhufe gara moosaajii mobaayila yookin kompiitara irra jirutti garagalchuun moosaajichi suuricha akka xiinxalu ajajama. Moosaajichis baala biqilaa sana erga xiinxalee booda biqiltichi fayyaa yookin dhukkubsataa ta'uu isaa hima. Gosoota dhibee moosaajicha keessatti fe'aman keessaa isa kam akka ta'es adda baasee hima. Oyiruuwwan babal'aa miilaan keessa deemanii suuraa kaasun rakkisaa ta'es diroonitti fayyadamun suuraa yookin viidiyoo waraabun moosaajichi akka xiinxalu gochuun akka danda'amu dargaggoo Boo'ez Birhaanuu hima. Kalaqni dargaggoo Jaarmiyaa fi Boo'ez dorgommii 'Green Innovation and Agritech Slam' jedhamu fi bara 2019 sadarkaa biyyaatti qindoomina dhaabbilee akka Ministeera Qonnaa, Ejansii Tiraanisformeeshinii Qonnaa /ATA/, Ministira Saayinsii fi Inoveeshinii fi dhaabbilee birootiin adeemsifame injifateera. Haa ta'u malee moosaajin kun yeroo ammaatti gosoota dhukkuba biqilootaa torba qofa adda baasuu danda'a.
Haa ta'u malee moosaajin kun yeroo ammaatti gosoota dhukkuba biqilootaa torba qofa adda baasuu danda'a. Dandeettii moosaajichaa guddisuufis hojiin suuraa dhukkuba biqilootaa baay'inaan walitti qabuu akka isaan hafu himu. Dabalataan qonnaan bultootni fi ogeeyyiin qonnaa iddoo itti jiranii moosajichatti fayyadamuu akka danda'aniif giddugala tokko hundeessuuf yaada akka qabanis dargaggootni kun dubbatu. Haa ta'u malee hojiilee kunnen hojjechuf hanqinni maallaqaa harka isaan qabuu kan dubbatu dargaggoo Jaarmiyaa "deeggarssi qaamolee biroo nu barbaachisa" jedha.
Koronaavaayiras: "Yeroo mana ooluuf dirqamneetti ululleen miiltoo jireenyaa nuuf taate" Ogummaan Ijoollummaatti bartan jireenya keessatti yeroo tokko nufayyada jettanii yaaddanii beektuu? Shawaa kaabaa Kuyyuutti dhalatanii kan guddataniifi amma Ameerikaa naannoo Washington DC kan jiraatan Obbo Daanyaachoo Baayyuu, dandeettiin Ulullee afuufuu Ijoollummaatti bare yeroo rakkoo kanatti nafayyade jedhu. Imala jireenyaa isaanii magaalaa xiqqoo Kolfee (Biriitii) jedhamtuu hanga Washington DCtti jiru keessattis ululleen isaanirraa adda akka hin baanes dubbatu. "Ulullee abbaankoo ni afuufa ture. Anis isuma jalattin ijoollummaatti bare. Leemmana/shambaqqoo irraa tolfadheen akkaataa quba itti sochoosanii sagalee adda addaa ittiin baasan isarraan ilaala ture. Ergan baree baayyeen jaaladhe," jedhu. Erga gara Ameerikaa imalaniis jaalala ululleef qabaniif jecha namootatti ergisiifatanii argatu, yeroo kaanis meeshuma jirurraa tolfatanii afuufu. Obbo Daanyaachoon yeroo sababa Koronaavaayirasiitiin mana ooluun dirqama ta'e kanatti Ululleen miiltoo jireenyaa ittiin bohaaran ta'uufii himu. "Ulullee gaafan gammades, gaafan aares, gaafan biyya yaades nan taphadha. Yeroon kunimmoo yeroo baayyee nama dhiphisu, namootni baayyeen du'aa jiru. Mana oolaa jirra.yeroo mana oollu kana ofis maatii kiyyas isumaanin bashanansiisa" jedhan. Sirboota adda addaa kan wellistoonni sirban banachuun Ululleedhaan masakanii maatii isaanii waliin ittiin bohaaru. Viidiyoo sirboota kanaa waraabuunis hiriyootasaanii miidiyaa hawaasummaarra jiraniif niqoodu. Miidiyaalee hundarratti yeroo waa'ee dhibee koronaavaayirasii lallabamu sodaa guddaa waan namatti uumuuf yeroo akkasiitti dandeettiin qabuun maatiikoo bashanansiisuutti nan gammadas jedhan.
Miidiyaalee hundarratti yeroo waa'ee dhibee koronaavaayirasii lallabamu sodaa guddaa waan namatti uumuuf yeroo akkasiitti dandeettiin qabuun maatiikoo bashanansiisuutti nan gammadas jedhan. Maatiin isaas bashannana ulullee kana hedduu akka jaalatanii fi viidiyoowwan miidiyaa hawaasummaarratti qoodanis hiriyoonisaatin hedduu akka jaalatameef himu. Yeroo sababa Koronaavaayirasiitiin guyyaa dheeraaf mana oolamu kanatti namoonnis akka hin mukoofneef waan ijoollummaa isaanitti dandahan yoo yaalan dansaadhas jechuun dhaamu. "Sa'aatii 24 mana ooluun baayyee nama dadhabsiisa.sa'aatii hunda miidiyaa ilaaluunis ittuu nama yaaddessa. Kanaaf waan daa'imummaatti dandeenyuun, dandeettii dhokataa qabnu barbaaduu qabna. Waan duraan hin beeknes yoo ta'e waan jaalattan hojjechuuf yaaluun yeroo kanatti nama bohaarsa," jedhan. Obbo Daanyaachoo fi maatiin isaanii yeroo sababa koronaavaayirasiitin mana oolamu kanatti Ulullee miiltoo jireenya guyyuu godhatanii ofis hiriyootasaanii miidiyaa hawaasummaarra jiranis bohaarsuu itti fufaniiru.
Dr Birhaanamasqal Abbabaa Sanyii qonsilaa Los Anjalas jirurraa kaafaman Yunaayitid Isteets magaalaa Los Anjalasitti Qonsilaa Janaraalaa ta’uun waggaa tokko darbeef kan tajaajilaa turan Dr Birhaanamasqal Abbabaa Sanyii bakkaa ka’an. BBC’n maddeen amanamoo irraa akka mirkaneeffateetti Dr Birhaanamasqal dhimma ka’uu isaanii irratti qondaaltota olaanoo Ministra Dhimma Alaa Itoophiyaa waliin mari’atuuf jedhu. Isaan kaasuun dura mari’achuu isaaniifi fuula duratti eessa akka geeffamuu malan wanti beekamu hin jiru. Sababni ka’uu isaaniif ka'umsa ta’uu wanti danda’u akka hin jirre eeruun, ‘haala adeemaa jiruun walqabata’ jedhaniiru maddi BBC'n irraa odeeffate. Hayyuu seeraafi imaammataa kan ta’an, Dr Birhaanamasqal erga Ministirri Muummee Abiy aangootti dhufanii as biyyatti galuun ergasiis hojii amma irra turan dalagaa turan. Isa durallee hojii dippilomaasii keessa akka turaniifi bulchiinsa mootummaa dura ture waliin walii galuu dhabuun akka hojii dhaaban namoonni itti dhiheenyaan beekan ni himu. Mootummaan maal jedhe? Dhimma bakkaa ka’uu Dr Birhaanamasqal irratti gama mootummaatii hanga yoonaa wanti dhagahame hin jiru. Qondaalli Ministeera Dhimma Alaa Sadarkaa Daarektara Janaraalaan hojjetaniifi dubbifne dhimma kana akka quba hin qabne BBC’tti himaniiru. Akka isaan jedhanitti taanaan dhimma kana Ministira Dhimma Alaa Obbo Gadduu Andaargaachoo yookiin kan isaanirra jirutu beeka. Dippilomaatiin biraa dhimma kana yoo himan Ministirri Dhimma Alaa muuduufis ta’e, kaasuuf nama isaan muude mari’achiisuu yookiin beeksisuun dirqama akka ta’e dubbatu. ’Xalayaan kan barraa’u Ministeera Dhimma Alaan ta’us olii murtaa’a muuduufis kaasuufis. Akka hojimaataatti pirezidantii tureyyuu. Garuu, akkas ta’aa hin jiru,’ jedhan. ‘Duulatu irratti gaggeeffamaa ture’ Dr Birhaanamasqal yeroo aangoorra turan hojii gaarii akka dalagaa turaniifi fudhatamummaa gaarii akka horachaa turan hima lammiin Itoophiyaa Ameerikaadhaa dubbifne.
‘Duulatu irratti gaggeeffamaa ture’ Dr Birhaanamasqal yeroo aangoorra turan hojii gaarii akka dalagaa turaniifi fudhatamummaa gaarii akka horachaa turan hima lammiin Itoophiyaa Ameerikaadhaa dubbifne. Namoota Dr Birhaanamasqal qeeqaniin immoo 'itti duulaa turani' jechuun hima. Aangoorraa ka’ufis sababani duula garee isaan qeeqan kanaati jechuun dubbatu. Sababa kanaaniis, paartiin aangoorra jiru ‘sabboontota adamsuu itti fufeera’ jechuun himatu. Maddi keenya waa’ee aangoorraa ka’uu Dr Birhaanamasqal himanis yaada kanaan wal fakkaatu kaasu. Dr Birhaanamasqal yeroo falmii ummataa #OromoProtests yaada garaa garaa dhiheessuun xiinxalaafi qeeqa, akkasumas dhimma imaammataa xiyyeeffatamuu qabu akeekaa turan. Kanneen keessaa imaammatni afaanii akka jiraatu akkasumas Afaan Oromoo afaan hojii mootummaa federaalaa akka ta’u kan gaafatan ni jiru.
Baankiin Intarnaashinaalii Oromiyaa waggaa 11 dura Biyyattii keessatti Baankii 13ffaa ta'uun hundaa'edha.
ABO - Gamtoome: 'Hidhaafi ajjeechaa Oromoo hin deeggarru' Kan dhiheenya Boordii Filannoo Biyyaalessaa irraa beekkamtii akka argate ibsu Addi Bilisummaa Oromoo - Gamtoome hidhaafi ajjeechaa Oromoo kamiyyuu hin deeggarru jedhe. ''Ilmaan Oromoo barumsa dhabanii, dalagata dhabanii, networkii dhabanii rakkatuuni …rakkoon akkanaa Oromoo keessa jiraachuun nu yaachisa,'' jedhan Dura taa'aan dhaabichaa Obbo Abbaa Nagaa Jaarraa. Dhaabbilee siyaasaa qabsoo karaa nagaa caalsifatanii biyya seenan keessaa hanga yoonaa miseensikoo hidhame kan hin jenne dhaaba kana. Yeroo mootummaa komatanis hin dhagahamu. ''Yakka hin dalagne maaliif hidhamna? Nama hin ajjeefne, nama hin saamne. Qabsoo karaa nagaa gaggeessaa jirra,'' kan jedhan Abbaa Nagaan kaan hidhamuu isaanumatu beeka jedhan. ''Nutti wanta hidhamnuufis wanti nu hidhaniifis jira nutti hin fakkaatu.'' Miseensoni paartii mormituu yeroo yeroon ibsa baasaniin miseensonni isaanii akka hidhaman kunneenis hidhamtoota siyaasaa akka ta'an ibsu. Yaadni keessan maali kan jenneen Abbaa Nagaan kana deebisan. ''Nama hidhamus hin deeggarru, nama hidhus hin deeggarru… Garuu immoo Oromoo wal hidhuun wal ajjeesuun nu tokkollee hin deeggarru,'' jedhan. ''Hiree xiqqaa amma argate jabeeffatee hiree itti aanu waliin falmatuu irra caala malee wal hidhuun, wal ajjeesuun Oromoof bu'aa qaba jennee itti hin amannu.'' ''Mootummaa amma jiru diina jennee hin fudhannu rakkoo yoo qabaate rakkoo qaba jenna malee. Nuti kan qabsoofnuuf mootummaa diiguuf osoo hin taane mootummaa dorgomuudhaafi.'' Dhaabbilee mormituu kaan faallaatti miseensonni dhaaba kanaa qondaala mootummaa ta'un dalagan jiru. Kanaanis, akkamin mormituu ta'e dorgoma jedhanii kan qeeqan ni jiru. Komiin akkanaa akka jiru kan mirkaneessan dura taa'aan dhaabichaa 'maqa balleessiif' kana godhu jechuun himatu.
Abbaa Nagaan 'mootummaa keessa dalaguuniifi paartiif dalagun gargari. Kan biraa mootummaafi paartiin akka diinaatti wal ilaala biyya kana keessatti,' jechuun ilaalchi akkanaa dogongora akka ta'e ibsu. 'Nuti ogummaadhaan ummata isaatiif kan dalagu qabna malee mootummaa yookiin paartii keessaa miseensa hin qabnu,' jedhan. ''Nuti miseensa mootummaa keessaa hin qabnu. Namni nuti achi keessaa qabnu nama ogummaan ummata isaa tajaajiludha. Kana akkasitti beekuun barbaachisaadha. '' Yeroo ammaa miseensonni dhaabichaa lama sadarkaa naannootti gorsaa ta'un hojjetaa jiru. Miseensi Koree Hojii Raawwachiftuu dhaabichaa B/J Hayiluu Gonfaa gorsaa nageenyaa pirezidantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa ta'un dalagaa jiru. Miseensi isaanii biraa Obbo Amin Jundiillee gorsaa ta'un hojjetu. ''Mootummaa dalaguufi paartii dalaguun gargari'' kan jedhan Abbaa Nagaan kanneen mootummaatti hidhata qabdu isaan jedhan ''nama nu hin beeknedha'' jedhu. ''Kuni waan nu hin fakkaanne, waan nullee hin malle, jechoota dadhabdootaati jedheetin itti amana,'' jechuun ''warra aangoo barbaadutu'' kana godha jedhanii akka shakkan himu. Filannoo dhufu irratti sadarkaa naannoofi federaalatti dorgomuf beekkamtii argachuu kan himan dura taa'aan dhaabichaa, ABO waliin walitti makamuf mariin eegalame rakkoo godhachu himu. Mariin kuni kana dura kan eegale ta'us erga biyya galani as ji'a shan dura eegalee taasifamaa turuu qondaalli dhaaba ABO irraa dubbisne BBC'f mirkaneessaniiru. Obbo Abbaa Nagaan mariin kuni adeemaa turus akkuma dhaabni ABO Boordii Filannoorraa beekkamtii argate 'dugda nutti galani' jedhu. ''Gara keenyaanii miti gara ABO Shanee Gumiitin keessaa harkifataa jirani. Gaafa isaan deebi'an balbalti keenya banaadha.'' ''Warri qabsoo jalqabe qabsoo xumuruu hin qabu humna haarayaatti kennuu qabna jenneeti waliin mari'anne.
''Warri qabsoo jalqabe qabsoo xumuruu hin qabu humna haarayaatti kennuu qabna jenneeti waliin mari'anne. Nutti hin deebine. Achitti dhaabani,'' jedhan. Dhimma kana kan gaafanne qondaalli dhaaba ABO immoo kuni sirrii miti jedhu. ''Gama keessan dhaabbate ykn callifame inni isaan jedhani sirrii hin ta'u. Hamman quba qabutti koreen itti deemaama turte. Koree nuun bakka bu'utu bakka isaan jiran dhaqee waliin haasa'aa ture.'' ''Waanuma irratti waliigaluu dadhaban ykn isaaniif ta'u dide utuu himanii gaariidha, '' kan jedhan qondaalli kuni mariin 'walitti makamuu ykn dhaaba tokko ta'uf ture' jedhan. Qondaalli ABO biraa Obbo Mikaa'el Booran immoo yaada biraa dhiheessu. ''Wanti isaan dur turaniifi waan amma jedhamu waan garaagara isa ammaa kana quba hin qabu ani,'' jechuun BBC'tti himan. Dhaaba ABO - Gamtoome dhaabbilee ABO lamatu hundeesse. ABO - Qaama Ce'umsaa kan Obbo Galaasaa Dilboon hogganamuufi ABO - Tokkoome Abbaa Nagaa Jaarraan hogganamutu walitti dhufee ijaare. Dhaabbileen lamaan erga MM Abiy Ahimad aangootti dhufani as biyyatti kan galanidha. Maqaa amma Boordii Filannoo irraa argatan dura kora waggoota dheeraa booda biyyatti taasisanin ABO jedhamuun socho'aa turan. ABO'n lamaan Boordii Filannoo beekkamtii argachuuf iyyata erga galfatan booda boordichi dhaaba Obbo Daawud Ibsaaf hogganamuuf beekkamtii kenne. Ergasii booda maqaa amma qabuun boordiicharraa beekkamtii argachuu ibse. Gameessi namni siyaasaafi Dura taa'aan duraani ABO Obbo Galaasaa Dilboo yeroo ammaa miseensa Koree Hojii Raawwachiiftuufi gorsaa olaanaa ABO - Gamtoomeeti..
Amnastii Intarnaashinal: 'Poolisiin achi-buutee Obbo Abdii Raggaasaa himu qaba' Poolisiin Itoophiyaa achi buutee hoggana ABO Obbo Abdii Raggaasaa beeksisuu qaba jechuun dhaabbanni mirga namoomaaf falmu 'Amnesty International' gaafate. Miseensi Koree hojii Raawwachiiftuu ABO fi ajajaa Waraana Bilisummaa Oromoo kan turan Obbo Abdii Raggaasaa hogganootaa fi miseensota ABO 8 waliin gaafa Sambataa to'annoo jala oolan. Kanneen isaan waliin hidhaman gaafasuma yoo gadhiifamanii Obbo Abdiin gadhiifamuu dhabu dhaabni isaani beeksiseera. Maatii fi abukaatoon isaanii guyyoota darban buufataalee poolisiirra naanna'anii barbaadaa turan kan jedhe Amnastiin, hogganaan kun eessatti akka hidhaman baruu hin dandeenye jedheera. Reebichi fi sarbamni mirgaa irratti raawwatamaa jiraachuu danda'a jechuunis yaaddoo qabu ibseera. Hogganaan Biiroo Kominikeeshinii Oromiyaa Obbo Getaachoo Baalchaa hogganaan kun olaantummaa seeraa cabsuun shakkamanii to'annoo jala oolani jedhani. Yeroo ammaa olaantummaa seeraa bakka hedduutti cabe furmaata itti tolchuuf qaamoleen nageenyaa humna guutuun hojjetaa jiru jedhan. Kanneen to'annoo jala oolan yakka bakkeewwan garaa garaatti raawwatu 'qindeessuudhaan yookiin qaamaan keessatti hirmaachuudhaan,' shakkamaniiti jechun ibsu. ''Yakka qabeenyarras, lubbuu namaarras gahaa tureefi namni bahee galuu dhabuu isaaf sababa warri ta'an hunda isaanirratti olaantummaan seeraa kabajamuu qaba,'' jedhamee hojjetamaa jira jedhan. Namni shakkiidhaan hidhamu miseensa paartii biyya bulchuus, kan morkattootaas ta'uu mala jechuun ibsaniiru. Dubbi Himaan ABO Obbo Toleeraan gama isaaniin ''Shakkamaadha jedhanii dubbataniiru yoo ta'e ragaa isaanii dhiheeffatu jechaadha. Nuti gama keenyaan yeroo gaafatamnu deebii ni kennina,'' jedhan. Qondaaltonni dhaabichaa Obbo Abdii biraa hiikaman sababa maaliin akka hidhaman kan gaafanne Obbo Toleeraan 'waan ifa ta'e hin jiru'' jedhan.
Qondaaltonni dhaabichaa Obbo Abdii biraa hiikaman sababa maaliin akka hidhaman kan gaafanne Obbo Toleeraan 'waan ifa ta'e hin jiru'' jedhan. Maaliin shakkitu kan jenneen Obbo Toleeraan ''waan bakka hundatti deemaa jirudha'' jechuun hidhaa miseensotaafi deeggartoota isaaniitiin walqabsiisu. Ta'us, qondaalli dhaabichaa sadarkaa koree Hojii Raawwachiiftuu yoo to'atamu erga dhaabichi qabsoo karaa nagaan gaggeessa jedhee biyya gale as kuni kan duraati. Obbo Toleeraa Adabaa bakka Ajajaan olaanaa duraanii WBO jiru hin beeknu jechuun BBC'tti himaniiru. ''Obbo Abdii bakka inni jiru hin beeknu. Barbaadaadhuma jirra,'' jedhan. Haa ta'u malee, Sambata darbe magaalaa Finfinnee gara buufata poolisii Sadaffaa [Sostanyaa] jedhamu geeffamuu isaanii Obbo Toleeraan ibsanii turan. ''Kan waliin jiran nutti fakkaate akkasitti himne garuu warri kaan achuma turani. Achiimmoo gaafannaan hin jiru naannoo sana,'' jechuun himu. Qondaalli mootummaa Obbo Getaachoon ''Poolisiin erga to'adhe jedheeti poolisii biratti arguun ni danda'ama. Kuni maaliif wallaalama?'' jechuun deebisan. ''Badii itti shakkamaniin seeratti dhihaachuuf qabaman erga ta'eeti wanti dhokfamuuf hin jiru. Maaliif dhokfama? Qaamni to'ate odeeffannoo kennuun dirqama isaati,'' jedhan. Kanaan ala, 'hiika siyaasaa akka qabaatuuf yoo ta'e malee' jechuun komii qondaaltota ABO balaaleeffataniiru. Haa ta'u malee, poolisii biraa odeeffannoon argachuuf yaalle hin milkoofne.
Taayyee Danda'aa magaalaa Bishooftuutti birrii mil. 2 'saamame' jedhe Qondaalli Paartii Badhaadhinaa Obbo Taayyee Danda'aa magaalaa Bishooftuutti Saamamuu BBC'tti hima. Obbo Taayyeen magaalaa Bishooftuu akka turan himanii konkolaataa isaanii keessaa maallaqa dabalatee meeshaaleen biroos jalaa saamamuu dubbata. "Konkolaataa koo keessaa birrii miiliyoona lamaa fi qabeenya biroon saamame" jedha. Jimaata darbe Leenjiidhaaf magaala Bishooftuu Hoteela Biin jedhamutti saamichi irra gahuu kan himan angaa'aan kun akkaataa itti saamaman ni dubbata. "Sa'aatii laaqanaa irratti yeroo namni hundi gara nyaataa deeme konkolaataa kiyya furtuu walfakkii (master key) dhaan bananii waan keessa ture hunda fudhatani" jedha. Saamicha kanaanis maallaqni durgoo leenjifamtoofaaf kanfalamuuf ture birrii miiliyoonni 2, laptop fi yaadannoon dhuunfaa isaanii lama akka jalaa fudhatame BBC'tti hima. Yaadannoo isaanii kana keessaas tokko dhimmoota hojii fi dhuunfaa kan irratti barreeffachaa turan ta'uu hima. Akkuma saamichi kuni irra gaheen nama fuula facebook isaa irratti 'Yaadannoon Taayyee nu harka galeera' jechuun gadhiise jiraachuu fi itti gaafatamaa gochuuf adeemsa seeraa eegaleeras jedhe obbo Taayyeen. Dhimma Obbo Taayyee Waajjirri Poolisii Bulchiinsa Magaalaa Bishooftuu quba qabaachuu kan gaafanne ajajaan waajjira poolisii magaalichaa Komaandar Darajjee Mul'ataa dhimmichi qoratamaa akka jiruufi gaafa xumurame ummataaf akka ifa ta'u hima. Namni Obbo Taayyeen maqaa dhahe kun dhimmoota siyaasaan wal qabatan irratti yaada kennuun kan beekamu injinar Darajjee Beegii "waanuma karaa keessaa Feesbuukiidhaan naaf ergamen maxxanse malee waa'ee saamicha Taayyee waanan beeku hin qabu" jechuun BBC'tti himeera. ''Karaa keessaatiin waan dhufe jedheen barreesse. 'Inbox' jedha isinis ilaaltan yoo tahe. Saamamuu isaatiis waa'ee Taayyees ani quba hin qabu.''
Saamamuu isaatiis waa'ee Taayyees ani quba hin qabu.''
Saalqunnamtii: Uggura koronaavaayirasii kana keessa icciitii viidiyoo saalqunnamtii baasuun haaloo wal bahuun dabale Bara kana keessa gochi icciitii suuraafi viidiyoo saalqunamtii walii baasuun haaloo wal bahuu dabalaa jira jedhame. Akka qaamoleen gocha kanaafi kana fakkaatan hambisuuf duula taasisan jedhanitti wanti kun erga sababa weerara koronaavaayirasiitiin namoonni akka hin sochooneef uggurri kaa'ameen boodadha. Fakkeenyaaf biyya UK keessatti dhaabbata mootummaan deegaramu wanta akkanaa kana furuuf hojjetuuf bara akana mudannoo akkasii 2,050 gabaafameeraaf. Kunis, isa bara darbeerraa 22%'n dabale. Sababa weerara koronaavaayirasiif jechu uggurri kaa'amee ture laaffataa dhufullee dhaabbanni dhimma kana keessatti tajaajila kennan gochi 'icciitii viidiyoo saalqunnamtii baasuun haaloo wal bahuu' kun garuu hir'achaa akka hin jirre sodaa qaban himu. Amma erga uggurri koronaavaayirasii ittisuuf bahe kaafamaa jiruttis gabaasni akkanaa dabaluun waan baratamaa ta'uu agarsiisa jedhan. Viidiyoowwaan saalaan walqabatan hayyama malee qooduun/gadhiisuun Ingilaand, Iskootilaand akkasumas Weels keessatti yakkadha. Qorannoon dhiheenya kanaan walqabatee taasifame akka agarsiisutti dubartoota 7 keessaa 1 doorsisni fedhashee malee suuraa jaalallee ishee waliin kaate gadhiisuun akka mudateera. Kanneen barana toora bilbilaa bilisaa kan mootummaan gargaarsa kennuun qophaa'etti bilbilan baay'ee yoo ta'u, kanneen keessaa 2/3ffaan dubartootatu bibile jedhame. Hooggantuun toora bibilaa kanaa Soofi Mortimar gabaasni dabaluun amala namni uggura keessa horatedha jechuun himte. Toorri bilbilaa kun kanneen intarneetii bakka naga qabeessa akka ta'uuf hojjetaniin kan gaggeeffamudha. Kunis, dhaabbata gargaarsaa South West Grid for Learning (SWGfL) hogganama.
Kunis, dhaabbata gargaarsaa South West Grid for Learning (SWGfL) hogganama. Dhaabbati kun waggaa bara 2020 keessa suuraalee itti gabaafaman 22,515 haqeera. Kunis, kanneen itti gabaafaman keessaa 94% jechuudha. Qorannoon dhaabbata UK 'Womens Aid' jedhamuun gaggeeffame kanneen nama haleellaa irratti raawwate waliin jiraatan keessaa 60% ol dhiibbaan irra gahu yeroo weerara koronaavaayirasii hammaachuu ibsan. Kanneen icciitiin suuraa isaanii jalaa gadhiifamu keessaa garri caalan shamarran dargaggeeyyiidha jedhameera. Folaamii Pirehaaye jaalalleen ishee duraanii suuraawwan icciitii ishee durii kan bara 2014 fedhii ishee malee toora interneetaa irratti gadhiise. Kana gochuu isaatiif jaalallee ishee duraanii kun, ji'a jahaa keessatti yakki biraa yoo irratti argame akka hidhaa seenuuf irratti murtaa'e. Ergasii isheen kanneen akka ishee miidhaan irra gahe gargaaruuf socho'uu eegalte. Akka isheen jettutti, yeroo weerara koronaavaayirasii namoonni intarneeta irratti jaalallee waan barbaadaniif haaloo walirratti bahun jaalalleewwanii dabaluun isaa nama hin dinqu. ''Rakkoon yeroo hundaa jira, uggurri sababa weerara Covid-19 kun ammoo caalaatti akka mul'atu godhe,'' jechuun dubbatte.
Waancaa Addunyaa: Tapha murteessaa Senegaaliifi Ingilaand irratti waan baruu qabdan Biyyoota Afrikaa tapha mo’anii darbuu Waancaa Addunyaa taphataa jiran keessaa tokko kan taate Senegaal guyyaa har’aa yeroo jalqabaaf Ingilaand morkatti. Taphni kuni akkaan murteessaadha. Ingilaand garee waggaa afur dura Waancaa Addunyaa Raashiyaan qopheessite irratti walakkaa maayii [walakkaa xumuraa] gahedha. Yeroos Senegaal ramaddii darbuu hin dandeenye. Biyyoonni sadarkaa FIFA’n baasunis sadarkaa 13 wal caalu. ‘‘Gama sadarkaan nuti tilmaama caalu nuuf kennamuu mala Senegaal garuu garee sodaachisaadha,’’ jedhan leenjisaan Ingilaand Gaarez Saawuzget. ‘‘Taphattoota isaanii baay’ee Pirimiyeer Liigiifi Awurooppaa keessa taphatan beekna,’’ jechuun dubbatan. Gareen Ingilaand jifattoota akka Maarkas Raashford waancaa baranaa irratti galchii sadii galche akkasumas waancaa 2018’n kophee warqii fudhate Haari Keen of keessaa qaba. Garuu Senegaaliis taphataa beekamaa ishee Saadiyoo Maane miidhamaan dhabduus isa malee taphattoota kaan akka qabdu mirkaneessitee ramaddii isaanii keessaa darbuu danda’aniiru. ‘’Amala jifachuu isaaniitti yoo itti cichan Ingilaand inuma mo’atu,’’ jedha taphataan isaanii duraanii Omaar Daf. ‘’Senegaal shaampiyoonaa Afrikaadha. Ammas waan gaarii abdachuu itti fufuu qabna,’’ jedhe taphataan ganna 45 bara 2002 garee Senegaal hirboo maayii keessa ture kuni. ‘’Garee ingilaand injifachuuf taaktikaan cimuu qabna,’’ jedhe. Senegaaliifi Ingilaand keessaa kan injifate hirboo maayii irratti kan Faransaayiifi Polaand keessaa kan injifate morkata. ‘’Taphattoonni Senegaal hunduu ga’umsa galchuu qabu,’’ jedha yeroo ammaa kilabii liigii lammaaffaa Faransaay keessaa leenjisu kuni. Yeroo Saadiyoo Maanen hin jirrettis galchiiwwan shanan ramaddii irratti galan taphattoota garagaraa shaniin galmaa’an.
Yeroo Saadiyoo Maanen hin jirrettis galchiiwwan shanan ramaddii irratti galan taphattoota garagaraa shaniin galmaa’an. Sadarkaa FIFA’n Ingilaand shanaffaarra jirti, Senegaal immoo 18ffaadha. Afrikaarraa garuu Senegaalitu dursa. Ta’us kuni mo’icha nuun hanqisu jedha. Ingilaand taphicha gara caalu dhuunfachuu dandeessi garuu waancaa Addunyaa kanarratti morkattoota Ingilaand qunnaman keessaa Senegaal yaaddessituudha jechuun ibsa Jemaine Jenas. Xiinxaltoonni Faransaayiifi Ingilaand tapha hirboo maayii irratti walitit dhufu jedhanii xinxalan jiru. Haa ta’u malee, waancaa Addunyaan Kataaritti adeemaa jiru waan hin eegamne hedduu waan agarsiiseef abaluutu injifata kan jedhurra kan of qabaniis jiru. Senegaaliif Waancaan Addunyaa kuni isa sadaffaati. Bara 2002 hirboo maayii dhaqqabaniiru, bara 2018 immoo ramaddii isaanii darbuu hin dandeenye ture. Gaazexeessaan BBC Afrikaa Babakaar Diyaaraa gareen kuni miira garee bara 2002’n dammaqeera jechuun ibsa. Taphattoota Senegaal eegaman keessaa Kaalidu Kulibaaliifi Eduwaard Mendii Chelsiif taphatu. Taphataan Waatford Ismaayilaa Sar illee ‘Leencota Teraangaa’ bakka bu’a. Bara 2002 Senegaal tapha ramaddii irratti Faransaay biyya waancaa bara 1998 qopheeffatte fudhatte injifatte turte akkasumas tapha mo’anii darbuu irratti Siwiidin mo’atte. Deggaraan Senegaal Ousmaane, ganna 25, gareen isaanii yoo Ingilaandiin injifatan ‘’injifannoo guddicha’’ ta’a jechuun hima. ‘’Namuu Ingilaand ni mooti jedhee yaada. Nuti maaliif hin moonu?’‘ jechuun gaafata.
Waancaa Addunyaa: Biyyoonni Afrikaa marsaa itti aanutti darbuuf waan gochuu qaban Tapha ramaddii isaanii lama kan taphatan biyyoonni Afrikaa shan Waancaa Addunyaa irratti hirmaataa jiran marsaa itti aanutti darbuuf waan gochuu qaban amma barameera. Biyyoota shan keessaa sadii carraan harka isaanii jirti, lama kan hafan garuu injifatanii milkii eeggatu. Gareewwan lama qabxii walfakkaataan ramaddii isaanii keessaa yoo xumuran garaagartee galchii taphootarratti galmeessaniin adda bahu. Yoo innis rakkoo ta’e yeroo walitti dhufan galchii galeen gargar akka bahan ta’a. Biyyoonni Afrikaa shan waan gochuu qaban akkanaan dhihaata. Leencoti Teraangaa carraa darbuu isaanii bal’ifachuuf gaafa Kibxataa Ikuwaador injifachuu qabu. Ikuwaador marsaa itti aanutti darbuuf qixa bahuun qofti ishee gaha. Senegaal qixa baatee marsaa itti aanutti darbuu kan dandeessu yoo Nezerlaand Kaataariin garaagartee galchii sadiin yoo mo’amte qofaadha. Waan ta’uf deemu beekamuu baatus garuu kuni waan hin fakkaanne. Biyyi wal morkii kana qopheessite, Kaataar, taphoota duraan lama hin moone. Joobiraa Kaartej jedhamuun kan waamaman taphattoonni Garee Kubbaa Miilaa Tuniziyaa yeroo ammaa ramaddii isaanii D keessaa sadarkaa dhumaarra jiru. Sababa kanaaf gaafa Roobii waggaa afur dura waancicha kan kaafteefi marsaa itti aanutti darbuu kan mirkaneeffatte Faransaay injifachuu qabu. Waancaa baranaa irratti Tuniziyaan tapha lama taphattee galchii homaatu hin galchine. Tuniziyaan Faransaay mo’achuun qofti garuu gara marsaa itti aanu biyyoonni 16 itti taphatanitti ishee hin dabarsu. Osooma moote Awustiraaliyaan Denmaark moote jennaan gatii hin qabu. Awustiraaliyaafi Denmaark yoo qixa bahan Tuniziyaan garaagartee galchiin darbuu malti. Waancaa Addunyaa irratti biyyi Afrikaa jalqabaa tapha moote Tuniziyaa turte.
Kunis bara 1978 tapha Arjentinaatti qophaa'eefi Meksikoo itti injifataniidha. Gaafa Dilbataa Beljiyeem 2fi 0’n injifachuun garee Morookoo guddoo gargaare. Tapha lamarraa qabxii afur akka qabaatan taasiseera. Gaafa Kamisaa tapha Kaanaadaa waliin qaban yoo qixa bahan marsaa itti aanutti darbuu danda’u. Yoo marsaa itti aanutti ce’an seenaa isaanii keessatti kan lammataa ta’a. Morookoon Kanaadaa mootee, Beljiyeem immoo Kiroshiyaa yoo injifatte ramaddii isaanii qabxii 7’n dursuu danda’u. Yeroo ammaa garaagartee galchiin caaltee Kiroshiyaan qabxii 4’n ramaddicha yoo dursitu, Morookoon immoo galchiin caalamtee sadarkaa lammaffaarra jirti. Beljiyeem qabxii sadii qabdi, Kanaadaan qabxii homaatu hin qabdu. Maqaa masoo leencota hin mo’amne jedhamu kan qaban taphattoonni Kaameruun gaafa Wiixataa duubaa ka’anii Sarbiyaa waliin 3fi 3’n xumuraniiru. Siwizarlaandiin garuu 1fi 0’n mo’aman. Kaameruun carraa Tuniziyaatu isaan qunname. Marsaa itti aanutti darbuuf gaafa Jimaataa taphattoonni Kaameruun biyya seenaa Waancaa Addunyaa si’a shan ol kaafte Biraaziliin injifachuu qabu. Biraazil marsaa itti aanutti darbuu mirkaneeffatteetti. Kaameruun garuu injifatteeyyuu qabxii Sarbiyaafi Siwizarlaand taasisan eegdi. Ramaddii G Biraazil qabxii 6’n yoo dursitu, Siwizarlaand qabxii 3’n itti aanti. Kaameruuniifi Sarbiyaan qabxii 1, 1 qabu. ‘’Biraazil injifachuun ni danda’ama,’’ jedhan leenjisaa Rigobart Song. Erga tapha duraan Porchugaaliin mo’amanii booda taphattoonni Gaanaa gaafa Wiixataa Kooriyaa Kibbaa 3fi 2’n injifataniiru. Tapha itti aanu Uraagaay waliin gaafa Jimaataa taphatu. Yoo marsaa itti aanutti darbuu kan mirkaneeffatte Porchugaal Kooriyaa Kibbaa injifatte, Uraagaay waliin qixa baanaanuu ni darbu.
Yoo marsaa itti aanutti darbuu kan mirkaneeffatte Porchugaal Kooriyaa Kibbaa injifatte, Uraagaay waliin qixa baanaanuu ni darbu.
Chelsii v Arsenaal, Tootenahaam v Liiverpuul- Wantoota beekuu qabdan Chelsii har’a qormaata jabaatu Darbii Landaniin eeggata. Arsenaal dursaa liigichaa waliin taphata. Giraam Pooter akkuma leenjisaa Chelsii tahaniin taphoota saddet hin mo’amne ture. Torban darbe Biraayitaniin haala kufaatii fakkaatuun mo’aman. Taphattootni isaanii jajjaboon akka Riis Jeemsi, Chiilwel, Ngolo Kaantee, karra eegaa isaanii Arizabalagaa, Wesilii Foofanaa fa’a miidhamaan hin taphatan. Arsenaaliif Bukaayoo saakaan qophiidha. Oleksaander Ziinchenkoo malee Kiren Tiyeernii fa’as miidhama irraa fayyaniiru. Arsenaal erga bara 1974 as yeroo jalqabaaf walitti aansuun yeroo sadii dirree isaan ala Chelsii mo’uuf taphata. Ayemirik Obaamiyaangi leenjisaa Arsenaal Maayikil Artetaa waliin wal dhabuun kilabichaa bahee Baarseloonaa gale. Bara kana gara Landanitti deebi’uun Chelsiif taphata. Har’a Arsenaal irratti kan lakkoofsisu yoo tahe Sees Fabirigaasitti aansuun taphataa duraanii Arsenaal Chelsiif taphachuun galchii lakkofsisu tahuu isaati. Taphni jabaan gara biraa eegamu Tootenahaamii fi Liiverpuul gidduutti kan gaggeeffamudha. Tootenaahmiif oduu gadhee kan tahe miidhama taphataa lammii Kooriyaa Kibbaa Son Haangi Miinidha. Tapha Shaampiyoonsi Liigii Maarsee waliin taphatan irratti fuula isaa irra miidhamee bahe. Waancaa Adunyaaf dhaqqabuun isaas shakkisiisa. Riicharlisan fi Kiristaan Roomeeroon miidhamaan hin taphatan. Kuluseviskii fi Lukaas Mooraan ammo sa’a xumuraa kanarra barama. Liiverpuul torban darbe erga Liidsi Yuunaayitidiin mo’amee qabxii argachuu falmii jabaa taasisa. Lamaan isaanii morkattoota isaanii mo’achuun Shaampiyoonsi Liigiif marsaa itti aanuuf darbaniiru.
Lamaan isaanii morkattoota isaanii mo’achuun Shaampiyoonsi Liigiif marsaa itti aanuuf darbaniiru.
Ronaaldoon tapha Dilbata darbe Niiwkaasiil waliin godhame irratti jijjiiramuu isaa irratti mormii qabu ibsee ture.
Arjentiinaatti tapha tokko keessatti taphattoonni 10 takkatti dirree keessaa ari'aman Arjetiinaa biyya taphataa urjii addunyaa Liyooneel Mesii keesatti tapha kubbaa miilaa gaggeeffame tokko irratti taphattoonni baayyeen kaardii diimaatiin dirree keessaa ari'amuu isaaniitiin saatiin taphaa osoo hin xumuramiin akka addaan citu taasifame. Dorgommii kilaboota Bookkaa Juuniyeersiifi Reesing gidduutti gaggeeffameen walumaagalatti taphattoonni 10 kaardii diimaan dirree kkeessaa ari'amanis kilabni Reesing garuu tapha xumuraa mo'achuun waancaa fudhateera. Taphattoonni hedduun kaardii diimaan kan jalaa ari'aman Bookkaa Juuniyeers yoo mo'atamu, kanneen tapha gidduutti jijjiiramanii seenan lama dabalatee taphattoonni torba kaardii diimaan dirree keessaa jalaa ari'amaniiru. Tapha diraamaan irratti mul'ate kanaan kilabni Reesing 2 fi 1n dursaa osoo jiruu ture Bokkaa Juuniyeers baayyina taphattootaa kilabiin tokko tapha irratti qabaachuu qabuun gadi jalaa taanaan dorgommichi kan addaan cite. Bakkaa Juuniyeers taphattoonni dirree keessaa hanga barbaadamuun gadi jalaa kan ta'e ammoo kaardii diimaan waan ba'aniifidha. Akka seera tapha kubbaa miilaatti tapha tokko keessatti gareen tokko dirree keessatti sababa adabbiitiin taphattoota torbaa gadi ta'an dorgommichi akka addaan citu taasifama. Taphataa kilaba Reesing kan ta'e Kaarloos Alkaaraaz goolii galchee yeroo gammachuu isaa fuula dura deeggartoota Nokkaa Juuniyersitti ibsatuttti atakaaroon ka'ee akka kaardiin diimaa luqqaafamu ta'eera. Taphattoonni Bokkaa Juuniyeers gocha kanaan aaran Alkaraaz daddarbachuun kubbaa itti darbatanii dhahan. Kana hordofee ammoo abbaan murtii Faakundoo Teeloo jedhamu Alkaraaz fi taphattoota Bokkaa Juuniyeers biroo shan dirree keessaa ari'e.
Kana hordofee ammoo abbaan murtii Faakundoo Teeloo jedhamu Alkaraaz fi taphattoota Bokkaa Juuniyeers biroo shan dirree keessaa ari'e. Gareewwan lamaan keessaa taphattoonni tapha gidduutti jijjiiramanii seenan lamas kaardii diimaan ar'iamaniiru. Taphni itti fufuun taphataa Bokkaa Juuniyers Sebaastiyaan Viilaa fi kab kilaba Reesing ammoo Joon Kaarboner gidduutti mormii uumameen kaardii diimaan wayita ari'amanitti, taphataan Bokkaa Juuniyeersi biraanis kaardii keelloo lamaan dirree keessaa baheera. Walumaagalatti tapha kana irratti taphattoonni 10 kaardii diimaan dirree keessaa kan ari'aman yoo ta'u, torba Bokkaa Jiinuyeers keessaa, sadii ammoo Reesing keessaati. Sababa kanaan goolii 2fi1 durfamaa kan ture Bokkaa Juuniyers dirree isaa keessatti taphattoonni torbaa gadi waan hafaniif, osoo saatiin taphichaa hin xumuramiin dursee dorgommichi akka goolabamu taasifamuun Reesing akka mo'atu taasifameera.
Xaaliyaanitti taphataa Arsenaal dabalatee hedduun waraanaman, namni tokko du'e Itaalii handaara magaalaa Miilaanitti haleellaa meeshaa qara qabuun raawwatameen taphataa Arsenaal dabalatee yoo xiqqaate namoonni shan waraanamuun miidhaman, namni tokko haleellaa kanaan du'eera jedhe poolisiin. Miidiyaan biyyattii akka gabaasanitti giddu-gala daldalaa tokkotti qarshi-qabaa kan ta'e namni umrii waggaa 30, nama haleellaa kana raawwateen waraanamee du'e. Taphataan sarara ittisaa biyya Ispeen fi kilaba Arsenaal, kan ergisaan kilaba biyya Itaalii- A.C Monza jiru kanneen waraanamanii guddoo miidhaman keessaati. Kilabiin Monza kilaboota garee Serie A keessaa sadarkaa 15ffaarra jira. Namni umrii waggaa 46 haleellaa kana raawwachuun shakkame to'annoo poolisii jala ooleera, poolisiin yakki raawwate shororkeessummaan gonkumaa wal hin qabatu jedheera. Namni haleellaa raawwate kun sammuunsaa kan dhukkubu ta'uu gabaasaaleen ibsaniiru, namni kun osoo giddu-gala daldalaa keessa jiruu billaa bakka jiruu luqqisuun namoota waraanuu eegale. Namichi kun akka sa'aatii biyyattiitti gara sa'aatii 18:30 (16:30 GMT)tti giddugala daldalaa naannoo sana jiru- Carrefour jedhamutti bakka billaan itti gurguramuu luqqifatee namuma arge waraanuu eegale. Wayita taateen kun mudatu namoonni rifaatuudhaan baqachaa, kaan ammoo iyyaa turan. Namni haleellaa raawwate kun maamiltoota hedduun to'annoo jala ooluun poolisii bakka sana ga'eef dabarfamee kenname. Taphataan sarara ittisaa Ispeen (ganna 29) Maariin dugda isaa irra waraanamuun madaa'e - garuu miidhaan isaa lubbuu isaa balaadhaaf kan saaxilu miti. Bakka bu'aan isaa Arturo Canales BBC'tti akka himetti taphataan kun of beekee akka jiruu fi miidhaan qaamaa hamaan akka irra hin geenyes ibse.
Bakka bu'aan isaa Arturo Canales BBC'tti akka himetti taphataan kun of beekee akka jiruu fi miidhaan qaamaa hamaan akka irra hin geenyes ibse. Hojii gaggeessaan kilabii Monzaa, Adriyaanoo Gaaliyaaniin miidiyaa Sky Itaalii jedhamutti akka himetti, Maariin yeroo haleellaan kun raawwatamu haadha warraa fi ilma isaa xiqqaa waliin meeshaa bitaa ture. "Ilma isaa konkolaataa (gaarii) daa'imman ittiin oofan keessa taa'ee haadha warraa isaa ammoo of cinaa qaba ture. Homaa hin hubanne. Sana booda dugda isaa keessatti waan dhukkubbiin itti dhaga'ame, kunis haleellaa yakkamaa sanaa ture," jedha Aab Galliani. "Akka carraa battala sn, yakkamaan kun osoo nama tokko qoonqoo isaa waraanuus argeera. Waan ta'e hunda argeera, baay'ee jeeqame," jechuun Galliani dabalee dubbateera. Hojii gaggeessaan kun taphatichi ''dugda isaa irra waraanamuun baayyee madaa'ulle lubbuun isaa haala yaaddessaa irra akka hin jirree fi ''dafee fayyuu akka danda'u,'' dubbate. Mariin Guraandhala 2020 keessa garee Biraazil- Filamingo irraa gara Arsenaaltti kan makame yoo ta'u, yeroo 19 qofa garee Arsenaal taphatee yeroo ammaa ergisaan kilabii Itaalii sadarkaa olaanaa qabu- Monza waliin jira. Leenjisaan Arsenaal Mikel Arteta akka jedhetti: "Reefuun bare. Edu [daayreektarri teeknikaa Arsenaal] firoota isaa waliin wal qunnamtii akka qabu nan beeka. Hospitaala jira, garuu waan fooyyee qabu fakkaata."
Biyya Afrikaa yeroo jalqabaaf dorgommii olompikii ardichatti qopheessuuf ifaajaa jirtu Koreen Olompikii Biyyaalessaa Masirii Afrikaa irraa biyya jalqabaa dorgommii Olompikii qopheessitu tahuuf yeroo yaalaa jirutti ‘’yeroon Afrikaa amma’’ jedhe. Fulbaana 24, pirezidaantiin Masirii Abdel Fattaa AL-Siisii yeroo pirezidaantiin Koree Olompikii Idil-adunyaa Toomaas Baach biyya isaanii daawwatan dorgommicha qopheessuuf fedha akka qaban himaniiru. ''Tapha Olompikii bara 2036 qopheessuuf xalayaa keenya Koree Olompikii Idil-adunyaaf dhiyeesuuf jenna,’’ jedhan Barreessaan waliigalaa Koree Olompikii Masirii Sharif El Eriyaan. ‘’Yeroon kan Afrikaati, ardii tokkittii dorgommii Olompikii yeroo bonaa hin qopheessin jirtudha, akkan yaadutti Masiriin biyyoota Afrikaa keessaa dorgommii guddaa akkasii ammumaa jalqabdee qopheessuuf bu’uuraalee misoomaa qabdudha,’’ jedhan. Ibsa kaabineen Masirii baase, pirezidaantiin Koree Olompikii Adunyaa Obbo Baach ‘’bu’uuraaleen misoomaa Masirii dorgommii Olompikii bara 2036 qopheesisuuf ishee dandeesisa,’’ jechuu eera. Keesummaa tahuun biyyattii kan daawwatan Baach, lafa hektaara 40 caalu magaalaan ammayyaa irratti ijaaramuuf jedhu daawwataniiru. Magaalaan kun magaalaa bulchiinsaa Haaraa kan taatu yoo tahu Magaalaa Olompikii [Olypic City] jedhamuun moggaafamti jedhame. Magaalli kun magaalaa guddoo biyyattii Kaayiroo irraa gara Bahaatti Km40 fagaattee ijaaramaa jirti.Ijaarsi istaadiyeemii Olompikii kan bara 2019 jalqabame sadarkaa gaarii irra jira. Istaadiyeemiin kun Afrikaa irraa guddinaan isa lammaffaa taha. El Eriyaan bu’uuraaleen misoomaa kaanis jalqabamaniiru jedhan. "Waanti tokkichi amma ijaaramuu qabu ganda Olompikii qofa, garuu qopheesummaa kana mo’achuufi dorgommichi jalqabuu gidduu waggoota torbatu hafa,’’ jedhan.
"Kanaafuu yoo qopheesummaaf mo’anne hojiilee aartii ganda Olompikii keessaa hojjechuuf yeroo gahaa qabna,’’ jedhan. Masiriin wal dorgommii sadarkaa ardii Afrikaa fi adunyaatti qopheessaa turte. Isaan keessaa Waancaan Afrikaa isa tokko. Masiriin jalqaba dorgommii Olompikii kan bara 2032 qopheesuuf yaadaa turte. Birisbaaneen bara darbe dorgommicha akka qopheesitu ibsame. Yeroo sana Masiriin qopheesummaa kana fudhachuuf hin gaafanne ture. Sababni isaas daawwannan Obbo Baach bara 2020f yaadamee ture sababa weerara koroonaavaayirasiin harkifatee as gahe waan taheef. ‘’Amma akka tarkaanfii fudhachuu qabnu beekan,’’ jedhe El Eriyaan. Garuu ammayyuu gaaffii qopeesummaa idiliee dhiyeessuu jalqabuun yeroo dheeraatu hafa jedhan. "Biyyootni shanii fi jaha tahan akkasuma qopheesuuf akka nu morkatan beekna, garuu keenya akka mo’atu abdii qabna,’’ jedhan. Biyyootni biro dorgommicha qopheesuuf gaafatan Jarman, Indiyaa, Meksiikoo, Qaataar, Tarkii fi Raashiyaadha. Bara 2036 dorgommicha mootummaan Masirii qopheesuuf deeggaruu hordofee hedduun namoota biyyichaa biyyi isaanii qopheesuuf qophii tahuu amanaa jiru. Koreen Olompikii Masirii garuu murtoon kun hanga dorgommii Olompiki itti aanuutti bara 2024 Paarisitti qophaa’utti hin ibsamu. ‘’Uummanni keenya baay’ee gammadaniiru. Miidiyaan namni hunduu waa’ee kanaa dubbataa jira,’’ jedhe El Eriyaan. "Uummata tasgabbeesuuf yaalaan jira, ammallee dorgommicha qopheesuu hin mo’anne jechaa jirra. Masiriin mo’attee jirti jechuun gammachuu isaanii ibsataa jirra,’’ jedhan. ‘’waan %100 tahe hin jiru, dhuguma morkattootni jiru. Uummanni keenya %99 dorgommicha qopheesuu deeggaru,’’ jedhan. El Eriyaan waggoota dheeraaf dorgommicha qopheesuuf irratti hojjechaa ture.
El Eriyaan waggoota dheeraaf dorgommicha qopheesuuf irratti hojjechaa ture. Dinagdee biyyattiis bayyaanachiisa jedhee amana. Masiriin warraaqsa, jeequmsa siyaasaa fi tasgabbii dhabuun rakkoo keessa galtee ture. Dorgommiin Olompikii kun garuu lakkoofs anamoota daawwannaaf dhaqanii fi tursitoota dabalatee galii gudaa argamsiisaaf jedhamee amanama. ‘’Masiriif waan gaarii yeroo kamiyyuu hin argamnedha,’’ jedhan. ‘’Turizimii guddisa, waa’ee Masirii maqaa gaarii kenna,’ jedhan. Masiriin qophii kanaaf maallaqa biliyoonotaan hin baastu. Ammumaan qophiidha jedhan. Masiriin yeroo sadii bara 1916, 1938 fi 2008 dorgommicha qopheesuuf dorgomtee ture. Bara 2004 ammoo Afrikaa Kibbaa waliin tahuun qopheesuuf gaafattee ture. Dorgommiin Olompikii Bonaa sadan itti aanan kennamaniiru. Isaanis 2024 Paaris, bara 2028 Loos Anjelos, bara 2032 ammoo Birisbaaneetti qophaa’a.
Taphoonni Piriimer Liigii sadii torban kanaa haqaman Sirna awwaalchaa Giiftii Eelizaabet II’f jecha taphootni Piriimer Liigii sadii torban kanaa ammas haqaman. Tapha Cheelsiin dirree isaa irratti Liiverpuul waliin taasisuu fi Liidsi Yuunaayitid ammoo gara Oldi Tiraaforditti imaluun taphatan haqamaniiru. Silumaa taphni Biraayitanii fi Kiristaal Paalaas sababa hiriira diddaa hojjettoota baaburaa karoorfameef dursee haqameera. Taphoonni Fulbaana 16-18 taphataman sirna awwaalchaa Giiftii booda kan gaggeeffaman taha. Sirni awwaalchaa Giiftii Eelizaabet II Wiixata Fulbaana 19,2022 kan gaggeeffamu taha. "Kileboota, poolisii, garee gorsitoota nageenyaa naannoo fi qondaalota dhimmichaan hariiroo qaban biro waliin mari’achuun yeroo biraatti dabarsuu malee filannoon biraa akka hin jirre waliigalle,’’ jedhe ibsi Piriimer Liigii. "Taphoota yeroo gaddaa irra taphatan iratti du’a Giiftiif yaadannoon taasifameera. Taphootni dabarfaman yoom taphatamu kan jedhu guyyaan isaa kan ibsamu taha,’’ jedhe ibsichi. Taphoonni kunneen kan dabarfamaniif humni eegumsaa gahaan waan hin jirreefi. Taphni Chelsiin dorgommii Shaampiyoonsi Liigiin gaafa Roobii Red Buul Saalsibargi waliin godhu akkuma karoorfametti jira. Garuu taphni Arsenaal gaafa kamisaa PSV Endooven waliin taasisu guyyaa biraatti darbeera. Taphoonni Ingilaandi, Weelsi, Kaaba Ayerlaandi,fi Iskootilaandi turban darbe irra turan haqamanii ture. Isaan turban kana irra itti fufuun kan gaggeeffaman taha. Taphoonni Liigotaa biyyaalessaa Wiixata irra itti fufuun gaggeeffamu. Waldaan Kubba Miilaa taphoonni guyyaa sirna awwaalchaa Giiftii irra bu’an hundis dabarfamuu ibseera.
Waldaan Kubba Miilaa taphoonni guyyaa sirna awwaalchaa Giiftii irra bu’an hundis dabarfamuu ibseera. Taphoonni yeroo gaggeeffaman callisni daqiiqaa tokkoo ni taasifama. Taphattootni ammoo irree isaanii irratti mallattoo gurraacha kan qabu hidhachuu qabu, jedhe Piriimer Liigiin. Taphni Renjersi Naappolii waliin taasisu hanqina humna poolisiin gara Roobiitti darbeera. Har’a Tootenahaam gara Poorchugaal deemuun Ispoortiingi Liisban waliin taphata. Liiverpuul ammoo dirree isaa irratti Ayaaksi waliin taphata. Seeltik gara Poolaanditti imaluun Shaaktar Dooneski waliin taphata. Maanchister Siitiin dirree isaa irratti Boorushiyaa Doortimoondi waliin, Roobii boruu kan taphatu yoo tahu, Maanchister Yuunaayitid ammoo Sherif Tiraaspool waliin gaafa Kamisaa Mooldoovati taphata.
'Kubbaa miilaa fi jaalallee keessan keessaa tokko filadhaa jedhamne' - Taphattoota Erga taphattoonni saboota durii (aborjinaalii) kilaba beekamaa Awustiraaliyaa keessatti leenjisaan haleellaan irratti raawwatamuun himamee booda Liigiin Kubbaa Miilaa Awustiraaliyaa qorannoo eegale. Akka gabaasa ABC’tti taphattoonni maatii irraa akka adda bahan, jaalallee isaanii irraas akka adda bahan akkasumas yeroo tokkommoo haati warraa taphataa tokko ulfa akka adda kuttu itti himameera. Kibaliin Haawton Haawukis dhimmicha '‘gaddisiisaadha’’ jechuun ibsee akka qoratu waadaa seeneera. Kun kan barame akkaataa qabiinsa taphattoota saboota durii (aborjinaalota) irratti yeroo gamagamni taasifamedha. Taphattoonni kun kubbaafi maatii isaanii keessaa tokko akka filatan itti himamuu miidiyichatti himaniiru. Taphataan biraa immoo leenjisaan isaa '‘daa’ima kiyya hin dhalanne akka baastu[haadha warraa] akkasumas jaalallee kiyya akkan dhiisu na gaafateera,’’ jedhe. '‘Sababa kanaan siimii kiyya mobaayila kiyya keessaa baasee gatuun maatii kiyya waliin hariiroo adda kuteera. Halkan gaafasii eegalee lenjisaa biraa waliin akka jiraadhu natti himame,’’ jechuun dubbate. Haati warraa isaa mucaa jalqabaa erga deesse booda lammata ulfooftus rakkoon biraa akka isaan hin qunnamne sodaattee ulfa ishee akka baasu qabdu yaadaa akka turte ABC’tti himte. Taphataan biraas ABC’f akka dubbatetti jaalalleen isaa ulfaa’u ishee kilabichi yeroo bare deebii walfakkaataa itti kennu dubbate. Boodarras ishee waliin adda bahuu dirqamuu hime. Isheenis boodarra ulfa baafte. Taphataan sadaffaa bulchiinsa biraarraa dhufe gama isaan maatiin isaa isa waliin Meelbarn dhufanii jiraachuuf yaadanis kilabichi akka dhorke hime. Cimdiiwwan sadanuu sababa kanaan rakkoo jabaa keessa darbuu himan.
Cimdiiwwan sadanuu sababa kanaan rakkoo jabaa keessa darbuu himan. Taatullee jaalalleen isaa ulfa akka hin baafneefi baatilee muraasa booda jaalallee isaa walin araara buusuu hime. Gaafa Roobii miidiyaatti kan dubbatan hoogganaan Liigii Awustiraaliyaa Gillon McLachlan gabaasa miidiyaa ABC, ''kan nama jeequ’’ jechuun ibsan. Himannaa kan kanarra jabaa ta‘e argachuun ni rakkisa jedhan. Eegasii gareen qorattoota walabaa ogeessa seeraan durfamuufi qorannoo gaggeessu akka hundaa’u himan. Dubbii Himaan kilabichaa gamaaggamni ‘’himannaa kana dura ture’’ kaase jechuun haalli amma kilabicha keessa jiru ’nagaa’ qaba jedhan. '‘Fayyaan namoota kanaa waan dursa kenninufiidha,’’ jechuun deeggarsi akka isaaniif taasifamu himan. Booda kana gareewwan liigii Awustiraaliyaa daawwattoota biraa arrabsoon sanyummaa akka isaan dhaqqabuufi deeggarsi qondaaltota kilabootaa xiqqoo ta’uu komatu. Taphataan beekamaa saboota durii Adam Goodes himannaan morkattootaa waggootaaf ture '‘laphee isa cabsee’’ bara 2015 akka kubbaa dhaabuuf sababa ta’e kana dura ibseera. Gamaaggamni kana dura kilaba Collingwood jedhamuurratti taasifame '‘sanyummaan’’ raawwatu bira gahe.
Naymaar hidhaa wagga shaniitu eeggata jedhame Taphataa beekamaa lammii Biraazil Naymaar hidhaa wagga shaniin adabamuu mala jedhamaa jira. Kun ammoo yakka waliin dhahuufi malaammaltummaa jijjiirraa isaa waliin walqabateen. Dhaabbanni invastimantii Biraazil tokko yakka waliin dhahuufi malaammaltummaa jijjiirraa isaa bara 2013 keessa gara kilaba Baarseloonaatti yeroo taasisetti hojjete jedhuuf torban dhuftu mana murtiitti akka dhiyaatuuf waamicha qaqqabsiiseera. Dhaabbanni DIS jedham kun adeemsa Neeymaar gara Baarseloonaatti jijjiiruu ture keessatti mirga %40 argachuu qaba ture. Haata’u malee, yeroo taphataan sarara duraa kun gurgurametti gatii isaa gadi xqqeessuun kan dhaabbatichaaf malu waliin dhahameera. Taphataan umuriin isaa wagga 30 Neeymaar, himannaa irratti dhiyaate kana waakkatus ol iayyannaa Mana-murtii Olaanaa Ispeenitti bara 2017 dhiyeeffatee ture mo’ameera. Himannaa kana abbummaan fudhatee kan dhiyeessaa jiru abbootii alangaa Ispeen yoo ta’an, Naymaar yeroo jalqabaatiif Baarseloonaa keessatti Wixata qaamaan mana murtiitti dhiyaachuuf jira jedhe manni murti. Haata’u malee, taphan Paris St-Germain kun turtii adeemsa murtichaa torban lamaaf akka turuuf gaafatamuun isaa ifa miti. Namoonniifi qaamoleen biroo Naymaar himatan maatiiwwan isaa, kilaboota lamaan, pirezidantonni duraanii Baarseloonaa Joseep Maariyaa Bartomeu fi Sandiroo Roosel, pirezidantii duraanii Saantos Odilio Rodrigues keessatti argamu. Bakka bu’aan abbootii seeraa maatii Naaymaar Baker McKenzie ibsa baaseen, maneen murti Ispeen, “dhimma maatii Neeymaar fi kampanii isaanii N&N himachuudhaaf aangoo seeraa hin qaban,” jechuun kun ammoo sababa gochawwan kunneen lammii Biraaziliin daangaa Ispeeniin alatti kan raawwataman waan ta’eefidha jedhe. Itti dabaluunis, yakkawwan raawwataman jedhaman Biraazil keessatti kan adabsiisan miti jedhan.
Itti dabaluunis, yakkawwan raawwataman jedhaman Biraazil keessatti kan adabsiisan miti jedhan. DIS bakka yuroo mil. 2 yeroo inni wagga 17 turetti mirga Naymaar keessaa parsantaa hanga tokko argateera. Kilabni Baarseloonaa akka jedhutti ammoo yeroo Naymaar jijjiirame sana gatiin jijjiirraa yuroo miliyoona 57.1 kan ture yoo ta’u, kana keessaa ammo yuro miliyoona 40 maatii isaatii kaffalame. Jijjiirraan yeroo sana gaggeeffames seera FIFA kamiyyu hin cabsine jedhamameera.
Haalaand ganamumaan galchii sagal, mucuca Liiverpuuliifi injifannoo Arsenaal Erling Haalaand erga Maanchister Siitii galees gahumsa isaa itti fufuun rikardii Piriimer Liigii Ingiliz ammumaan cabsuuf waan aggaamu fakkaata. Haalaand tapha Maanchester Siitiin duubaa ka’ee Kiristaal Paalaas mo’ate irratti galchii sadii lakkoofsise, guyyaa shan booda ammoo Nootiingihaam Foorest irratti gooliwwaan sadii biraa dabale. Taphataan ganna 22 kun taphataa jalqabaa taphoota Piriimer Liigii shan irratti galchii sagal lakkoofsise taheera. Ji’a hagayyaa keessa qofa taphataa jalqabaa galchii sagal lakkoofsises taheera. Diyoon Dabiliin Maanchetser Siitiin adunyaa irraa taphataa sarara duraa dorgomaa hin qabne qaba jedhe. ‘’Piriimer Liigii keessa yoo ture rikardiin hundinuu ni caba,’’ jedhe. Taphataan lammii Noorwey kun dorgommii Piriimer Liigii keessatti taphataa torbaffaa walitti aansuun haatirikii [galchii sadii] lakkoofsise tahe. Haarii Keen qofatu yeroo tokko caalaa haala akkasin lakkoofsise. Haalaand Maanchester Siitiif haatirikii galchuun kan beekaman Kaarlos Teeveziifi Raahem Isterliingi waliin wal qixa taheera. Serjiyoo Aguweeroo qofatu isaan caalaa lakkoofsise. Aguweeroon si’a afur Maanchester Siitiif haatirikii lakkoofsise. Gaardiyoolaan akka Serjiyoo Aguweeroo nama addaa Maanchester Siitii keessatti jaalatamu tahuu baatus dandeettii akka isaa san qaba jedhan. Akka dhunfaatti qabxii galmeessuun garuu waancaa hin mo’attu taanaan akka taphataa duraanii Maanchester Siitii san tahuun hin danda’amu jedhan. ‘’Serjiyoo Aguweeroo Siitii keessatti seena qabeessa. Namni tokkoyyuu onneen deeggartoota Maanchester Siitii keessaa isa baasuu hin danda’u. Galchii seena qabeettii waancaa ittiin injifatan lakkoofsisuun addatti yaadatama.’’ Haaland haala kanaan yoo itti fufe rikardii galchii Piriimer Liigii Alan Shiireriin qabame cabsuu danda’a.
Galchii seena qabeettii waancaa ittiin injifatan lakkoofsisuun addatti yaadatama.’’ Haaland haala kanaan yoo itti fufe rikardii galchii Piriimer Liigii Alan Shiireriin qabame cabsuu danda’a. Arsenaal barana %100 haala gaariin jalqabe. Gareen Istiifen Jeerard taphoota shan keessaa afur irratti mo’aman. Arsenaal galchii Gabri’el Jesusii fi Martineelii lakkoofsisaniin Aston Viilaa mo’atan. Gabri’el Jesus galchii sadaffaa Arsenaaliif lakkoofsisuu isaati. Arsenaal erga dorgommii bara 2004-05 as yeroo jalqabaaf taphoota jalqabaa shanan walitti aansuun mo’ate. Bara sana sadarkaa lammaffaa tahuun Liigicha xumuran. Liiverpuul sekondii dhumaa irratti galchii Faabiyoo Karvaalihoo lakkoofsiseen Niwkastil mo’atan. Taphataan Niwkastil paawondii miliyoona 60 Riyaal Soosedad irraa mallatesisan, Aleeksaander Ayizaaq galchii jalqabaa isaa lakkoofsise. Liiverpuul qabxii sadii guutuu argachuuf hanga daqiiqaa dabalataa shan dhumanii daiiqaa 98 gahutti eege. Ol adeemaa Poorchugaal bara kana kilabichatti makame Karvaalihootu galchii injifannoo lakkoofsise. Kilooppi ''galchii bara baraan yaadannudha'' jechuun ibsan. Tootenahaam darbii Landaniin West Haam waliin morkii cimaa taasisuun qixa 1 fi 1’n xumuran.
Kilaboonni Pirimiyer Liigii maaliif fuula isaanii Eeshiyaatti deeffatan? ‘’Ani amantii hin qabu. Liivarpuul garuu amantii kooti. Anaaf sarara jireenyakooti.’’ Kan kana jedhu Vijaayi, dhaloonni isaa Singaapporidha. Bakki inni jiru dirree Liivarpuul irraa 11,000km fagaatee argama. Kilabiin inni jaalatu magaalaa keessa dhalate akka daawwatu bara 2011 eegalee eegaa ture. Seenaan kuni garuu kan isaa qofa miti. Guyyoota muraasa dura yeroo Liivarpuul Kiristaal Paalaas waliin tapha michummaa taphate deeggartoonni 50,000 ol dirree Singaappoor guutaniiru. Erga weerarri koronaavaayirasii salphate as kilaboonni Ingiliiz qophii dorgommii duraaf biyyoota garagaraatti imaluun taphachuutti jiru. Bu’aa gama maallaqaan imalli kuni isaaniif fidu baruun rakkisaadha. Maanchistar Yunaayitiid bara 2021 dolaara miiliyoona 56 dhabuu himeera. Sababi ‘‘ijoo‘‘ jeequmsa koronaavaayirasiini. Fakkeenyaaf imalli Hindiitti taasifamuuf ture akka haqamu ta’e. Amma uggurri ka’eera. Kilaboonnis bakka gabaa guddaa qabna jedhanitti imala taasisaa jiru. Hojii gaggeessaan kilabii Liivarpuul Bilii Hogaan‚‘‘Eeshiyaan gama baay’ina deeggaraan filmaata keenya duraati‘‘ jechuun BBC’tti dubbatan. ‘’Deeggartoota addunyaarra qabnu keessaa 1/3ffaan asitti argama. Eeshiyaa keessa carraan bal’aa akka jiru nutti dhagahama.’’ Ganna kana Maanchistar Yunaayitiid gara Awustiraaliyaafi Taayilaand fuula deeffate. Liivarpuliifi Kiristaal Paalaas waliin tapha michummaa taasiseera. Totanhaam Hotispar immoo gara Kooriyaa Kibbaa imale. Taphataan isaa ijoo Son Heng Miin biyyi isaa Kooriyaa Kibbaadha. Ija ispoortiin imalli kuni faayidaan qabu hammana miti. Imalli isaanii biyyoota yeroo zoonii [time zone] gara garaa qabanitti balali’uu, yeroo dheeraa imaluu, ho’a olaanaafi qorra keessa shaakala taasisuu dabalata.
Kuni dorgommii liigii keessa qabaniif isaan hin fayyadu. Leenjisaan Liivarpuul Yargan Kiloopp ''waanan filadhu miti,’’ jechuun gaaffii BBC irraa dhihaateef deebisan. Dhimmi kuni yeroo dheeraaf dhimma falmisiisaa akkuma ta’etti jira. Garuu dhimmi faayinaansii mo'eera. Ragaawwan haaraa waggaa kana keessa bahan akka mul’isanitti liigiin Ingilizii kanneen tapha sadarkaa idil-addunyaatti dabarsanirraa galii olaanaa argata. Kuni yeroo jalqabaaf galii kuni galii gabaa Ingiliziirraa argamu kan caaludha. Bara dorgommii dhufu hanga 2025 jiru keessatti gabaan Eeshiyaa dolaara biiliyoona 1.4 akka ta’u eegama. Totanhaam yeroo Kooriyaa kibbaa deeme tapha michummaa garee taphattoota ciccimoo kilaboota biyyattiirraa bahan waliin taphate. Tikkeeti taphichaa daqiiqaa 25 keessa gurguramee dhume. Seenaa biyyattii keessatti walmorkii ispoorti tamsaasa olaanaa argate ta’eera. Qopheessitoonni dorgommichaa Baankok jiranimmoo tapha Maanchistar Yunaayitidiifi Liivarpuul gidduu taasifamu daawwachuuf gatiin tikkeetii dolaara 136 irraa akka eegalu taasisaniiru. Singaapporitti tikkeeti rakasa jedhame dolaara 107'n gurgurame. Gatiiwwan kunneen tapha liigii Ingiliziif kanfalamuun yeroo walbira qabamu olaanaadha. Dubbii Himaan Liivarpuul ''gatii tikkeeta kanneenii nuti hin murteessine. Nuti kaffaltii nuuf murtaa’e fudhanna. Nuti galii tikkeetarraa gahee homaatu hin fudhannu,’’ jechuun BBC’tti himan. Kilaboonni Ingilizii taphoota michummaa akkasiirraa galii hammamii akka argatan hin beekamu. Sababni isaas ragaan waan dhoksaan qabamuuf. Miidiyaa SportBusiness‘tti editarri Eshiyaa-Paasifikii Keevan Maakulaah akka jedhutti kaayyoon imala kilaboota kanaa galii egereeti. ‘’Kunis maqaa gaari tolfachuuf, gabaa tamsaasa TV fi waliigaltee ispoonsaraa argamsiisu keessa hirmaachuufi.
‘’Kunis maqaa gaari tolfachuuf, gabaa tamsaasa TV fi waliigaltee ispoonsaraa argamsiisu keessa hirmaachuufi. Maallaqni sirrii isa kanadha,’’ jechuun ibsa. Liivarpul yeroo Singaappor turetti waliigaltee uffata taphattootaa dolaara miiliyoona 240 gahu mallatteesseera. Kilaboonni kubbaa miilaa sadarkaa isaanii guddisuun alatti ragaa deeggartoota qaban kanneen maallaqaan isaan deeggaraniif dhiheessu. ''Ispoonsaroonni gurguddoo gaaffiin jalqabaa isaan gaafatan odeeffannoo waa’ee deeggartoota [kan kilabootaa] isaaniiti,’’ jechuun ibsu. ‘’Maallaqa isaanii baasuu dura kilaboonni deeggartoota meeqa akka qaban, umrii, dhiira, dhalaa, hamma galii qaban, akkasumas kan kana fakkaatan baruu barbaadu.’’ Liigiin Ingilizii maallaqa hedduu akka sassaabu kan isa dandeessise garuu gabaa televijiniiti. Morkiin pirimiyeer liigichaa, amala/aadaa deeggartootaa, Afaan Ingilizii ta’u walitti dabaalamee, sadarkaa idil-addunyaatti hordoftoota biiliyoona 3.2 akka walitti qabu taasiseera. Liigii baay’inaan daawwatame akka ta’us taasise. Pirimiyeer Liigichi akka jedhutti walakkaan deeggaraa liigichaafi daawwataan TV 1/4ffaa Eeshiyaa Paasifiikitti argama. Kuni kan ta’e taphi hedduu osoo isaan biratti barii taphatamuuti.
Waa’ee atileetoota Eeritraa Shaampiyoonaa atileetiksii addunyaa irratti badanii maal beekna? Atileetoonni Eertiraa Shaampiyoonaa atileetiksii addunyaarratti hirmaachuuf gara Ameerikaa Oriigaaniitti imaluun badaniiru jedhaman shan keessa sadan isaanii dorgommii biraatiif biyya biraa imaluun himame. Miseensoota garee atileetoota Eertiraaa shaampiyoona atileetiksii addunyaa 18ffaa irratti hirmaachuuf gara Ameerikaa imalan keessaa gara biyyaatti kan hin deebiine jiraachu ilaalchisee erga dorgommichi xumurameen booda gabaafame. Dursa poolisiin bulchiinsa Oriigan tarree atileetoota shananii baasuun eessa buuteen isaanii hin beekamne jedhee ture. Haata’u malee miidiyaalee naannichaa kan akka KT TV, Register-Guard fi KZ jedhaman ammoo atileetoonni badaniiru jedhaman argamaniiru jechuun poolisii Yuunivarsitii Oregoon eeruu gabaasaniiru. Akka gabaasa miidiyaalee naannichaatti, poolisiin Yuunivarsitii Oriigan teessoo atileetotaa argadheera jechuun kan beeksiise Federeshinii Atileetiksii Biyyaaleessaa Eertiraati. Gabaasaaleen kana haa jedhan malee, maqaan atileetoota shananii ammalleen tarree maqaa teessoon isaanii bade keessatti marsariitii poolisii bulchiinsa Oriigan irratti argama. Atileetoonni Eertiraa bakka buuteen isaanii hin baramne jedhamuun maqaansaanii tarreeffamee kunneen shananuu dhiira yoo ta’an, isaan keessaa tokko leenjiisaadha. Leenjiisaafi gaheessi waggaa 44 Barihee Asgadoom, Fiilmoon Andaa, Haabtoom Saamu’eel, Marihaawii Mabirhaatuu, Yamaana Gabrasillaasee marsariticha irrati kanneen badaniiru jedhamuun maqaansaanii tarreeffame keesaatti argamu. Atileetoota Eertiraa teessoon isaanii hin beekamu jedhamuun maqaan isaanii tarreeffame keessaa lamaan isaanii; jechuunis Marihaawii Mabiraahaatufi Haabtoom Saamu’eel shaampiyoonaa atileetikisii addunyaa waggaa 20 gadi irratti kan hirmaatan yoo ta’u, gara Kolombiyaatti qajeelu maddeen BBCtti himaniiru.
Atileetoota Eertiraa teessoon isaanii hin beekamu jedhamuun maqaan isaanii tarreeffame keessaa lamaan isaanii; jechuunis Marihaawii Mabiraahaatufi Haabtoom Saamu’eel shaampiyoonaa atileetikisii addunyaa waggaa 20 gadi irratti kan hirmaatan yoo ta’u, gara Kolombiyaatti qajeelu maddeen BBCtti himaniiru. Dargaggoota waggaa 18 kan ta’an atileetonni kunneenis shaampiyoonaa atileetiksii addunyaa irratti dorgommii fiigicha meetira 3,000 fi 5,000 irratti akka hirmaatan Shaampiyoonaa Atileetiksii Addunyaa irratti maqaansaanii tarraa’eera. Atileetoota badaniiru jedhaman keessaa kan biraa, Yamaane Gabrasillaasee ammoo dorgommii gara biraatiif gara Siwiizarlaandiitti qajeeluu BBCtti himeera. BBC’nis kana sanada imala atileetii kanaarraa mirkanneeffachu danda’eera. Dorgommii qaama Liigii Daayimandii kan ta’eefi Siwiizarlaandi magaalaa Loowuzaan keessatti kan gaggeeffamu irratti hirmaachuuf gar sana akka imale Yamaanan dubbateera. Eeritiraan atileetoota 10 dorgommiiwwan afur irratti kan hirmaataniif, Shaampiyoonaa Atileetiksii Addunyaa 18ffaa xumura torban kanaarratti golobame irratti hirmaachifte. Dorgommicharrattis Yamaane Gabrasillaasee dorgommii fiigicha gufachiisoo meetira kuma sadiitiin sadarkaa sadaffaan xumureera. Marhaawii Mabraatuu ammo meetira 5,000n osoo calallii hin darbiin kan hafe yoo ta’u, Haabtoom Saamu’eel ammo meetira 10,000n sadarkaa 17ffaa bahuun xumure. Atileeti Filiimoon ammo maaraatoonnii irratti hirmaachusaatu galmaa’e.
Olompikii Tookiyoo: Solomoon Tufaa, dargaggoo yeroo jalqabaaf tekuwaandoon Itoophiyaa bakka bu'u Atileet Solomoon Tufaa dargaggoo gosa ispoortii tekuwaandoodtiin Itoophiyaa bakka bu'ee Olompikii Tookiyoo Jimaata har'aa ifatti eegaluurratti hirmaata. Gosa ispoortii bara 2000 eegale Olompikiirratti dorgomamaa jiru kanarratti Itoophiyaan yeroo hirmaattu kun yeroo jalqabaaf. Solomoon, darggoon ganna 23, waggoota saddeetiif garee biyyaalessaa Federeeshinii Woorlid Tekuwaandoo Itoophiyaa keessa hojjetaa akka ture BBC'f himeera. Solomoon biyya bakka bu'u kan danda'e gulaallii sadarkaa Afrikaatti bara 2020 keessa biyya Morookootti qophaa'e irratti milkaa'uu waan danda'eef. Ijoollee maatii isaa namoota sagal keessaa quxisuu kan ta'e Solomoon, obbolaan isaa dubartootaa lama atileetota maaraatoonii kan fiigan ta'anis inni garuu faana obbolaa isaa dhiiraa hordofe. Olompikii irratti hirmaachuun abjuu isaa yeroo dheeraati. Abjuu isaa kana milkeessuuf garuu barumsa adda kutuu dabalatee dhamaatii guddaa keessa darbuu dubbata. ''Olompikii kana irratti hirmaachuuf jecha dorgommii hedduun taasisee, biyya alaatti waldorgommii baay'ee mo'adhellee beeka. Miidhaanillee narra gahee isallee darbeen as gahe. ''Wanta danda'u hunda hojjedheen jira. Yoo Waaqni na gargaare medaaliyaa keessa seenee alaabaa kaasuun fedha,'' jechuun BBC'tti dubbate. Tekuwaandoo jechuun aartii lola harkaafi miilaati. Ispoorteessaa tekuwaandoof wantoota barbaachisoo ta'an keessaa saffisaan yaaduu, tarkaanfii fudhachuufi ofirra gaggalagaluu akkasumas ga'umsaan morkataa ofii rukutuu ni argamu. Olompikii Tookiyoo irratti Solomoon ramaddii dorgommii -58kg [dorgomtoota 58kg gadi] jedhuun dorgoma. Gosa dorgommii kana keessa atileetonni 16 ni jiru jechuun ibsa.
''Dorgommichi guyyaa tokkoon dhuma. Ganama eegalee hanga galgalaa turuu danda'a. Yoo mo'atte darbaa, darbaa deemta.'' Kana jechuunis marsaa xumuraa gahuuf morkattoota isaa mo'u qaba jechuudha. ''Olompikii wanta ta'ef hunduu morkataa cimaadha. ''Taphni ni ulfaata jedhee nan yaada garuu anillee hojjedheera, wanta sodaadhe tokkollee hinqabu.'' Dorgommiin Solomoon boru, Sambata Adoleessa 24, 2021 taasifama. Akkuma atileetota atileetiksii dorgoman baatii saddeetiif hoteela taa'un 'torbanitti guyyaa jaha, ganamaafi galgala walumaa gala guyyaatti sa'aatii shanii hanga jahaa' qophaa'aa ture. Dabalataan, gara Tookiyoo deemuun dura gara Jarman dhaquun baatii tokkoof qophii taasiseera. Dhaloonni isaa Boqojjii, Arsiidha. Ijoollummaatti gara Finfinnee dhufee obboleetti isaa bira ture. Obbolaan isaa lamaan, Mastaawut Tufaafi Tigist Tufaa, maaraatoonii fiiguun beekamu. Ta'us inni, faana obboloota isaa yookiinis atileetota kaan Boqojjiin baafte hordofuu hin feene. ''Gara fiigichaa hin fedhu ture duraan. Amma ani kanaan jabaachaa deemnaan isaanillee na jajjabeessuu eegalani,'' jechuun waa'ee maatii isaa hima. ''Mana tokko keessaa Olompikii namni sadii darbeera. Amma maatiin kana yoo yaadan baay'ee gammadu,'' jechuun kana dura obbolaan isaa lama Olompikii irratti hirmaatuu isaanii dubbata. Akka inni jedhutti, ijoollummaatti gara Adaamaa deemee erga obbolaan isaa dhiiraa tekuwaandoo dalagan argeeti ispoortii kana kan caalsifate. Abjuu isaas godhatee, milkeesse. Solomoon dorgommii danuu irratti biyyaa bahee dorgomuus kanneen qabxii guddaa biyyaaf fide jechuun ibsu dorgommii Morokootti dorgomedha.
Shaampiyoonaa Tekuwaandoo Afrikaa bara 2018 Agaadir, Morokootti dorgomame irratti ulfaatina 54'n warqiin injifate. Achumattimmoo World Taekwondo President's Cup irratti warqii fidee 'Best African Athlete' jedhamee filamuu, BBC'tti dubbate. Akkuma gosa ispoortii kaanii weerarri Covid isalleen jeqeera. Sababa Covid-19'n Olompikiin waggaa tokko akka achi siqee gaggeeffamu ta'eera. Erga weerara biyyoota walgahee kanaa booda dorgommii gahaa hin arganne jechuun ibsa. Dorgommiin tokkittiin alatti dorgome 'Turkish open' irratti yoo ta'u medaaliyaa maaldaa [sadaffaa] itti argateera. 'Atileetiksiitti aanee ispoortiin biyyaaf qabxii guddaa fidaa jiru tekuwaandoodha,' kan jedhu Solomoon, garuu deeggarsi taasifamu gahaa miti jechuun komata. ''Akka atileetiksiitti, akka kubbaa miilaatti nuun deeggaran. Kunimmoo jireenya keenya irratti dhiibbaa qaba.'' Teekuwaandoon maarshiyaal aartii Kooriyaa Dhaloota Kiristoos Dura bara 50 keessa jalqabeedha. Ta'us, bara 1910 - 1945 Jaappaan Kooriyaa to'atteetti ispoortiin aadaa Kooriyaa dhorkaman. Haa ta'u malee, maarshaal aartiin Jaappaan kanneen akka Kaaraatee, Juudoofi kaan manneen barnootaatti baratama ture. Kunis, ispoortichi baduurra inumaa akka lubbuu horatu taasisee bara 1955 maarshaal aartiiwwan Kooriyaa walittii dhufuun maqaa tekuwaandoo jedhamu jala tokko ta'ani. Boodarra beekamtii dabalaa, biyyoota addunyaattis babal'ataa adeemsa dheeraa booda waggoota 21 dura bara 2000 ifatti dorgommii Olompikiirratti dorgomamu ta'e. Olompikii irratti atileetonni Kooriyaa irra - aananis kanneen biyyoota gara garaa irraa dhufanis dorgommicha irratti milka'aniiru. Abdii kanaan kanneen gara Tookiyoo imalan keessaa immoo tokko atileetii Boqojjiin biqilchite, Solomoon Tufaadha.
Abdii kanaan kanneen gara Tookiyoo imalan keessaa immoo tokko atileetii Boqojjiin biqilchite, Solomoon Tufaadha.
Seerri kubbaa miilaa Awurooppaa galchii dirreen ala lakkoofsisuu jedhu jijjiirame Dorgommii kubbaa miilaa kilanoota Awurooppaa keessatti hojiirra oolaa kan ture seerri gareen dirree ofiisaatiin alatti goolii lakkoofsise jedhu bara dorgommii itti aanurraa kaasee akka hafu bulchaan kubbaa miilaa Ardichaa, Uefa'n ibseera. Akka seera bara 1965 irraa kaasee hojiirra oolaa turetti, gareen lama dhaqaa galaan goolii walqixa yoo lakkoofsisan gareen dirree ofiitiin ala goolii caalaa lakkoofsise akka gara marsaa itti aanutti darbu taasifamaa tureera. Seerri durii kun hafee akka isa haaraatti ammoo yoo gareen lamaan tapha dhaqaa galaan walqixa ta'an akka saatii dabalataa taphatan ykn akka rukkutaan kennameefii adda bahan taasifama jedhameera. Akka pirezedaantiin Uefa Aleksaandir Seferiin jedhanitti, "Seerri dirreesaatiin ala goolii galche jedhu ammaan booda akka dhiibbaa inni qabaatu sirrii miti," jedhan. Koreen dorgommiiwwan kilaboota Uefa yaada kana ji'a Caamsaa keessa kan dhiyeesse yommuu ta'u, amma koree hoji-raawwachiiftuuttin ragga'eera. Seerri duraan ture kun taphoota Shaampiyoons Liigii, Yurooppaa Liigii, Yurooppaa Konfereens Liigiifi Shaampiyoons Liigii dubartootaarratti hojiirra hin oolu jechuudha. Uefa'n akka jedhetti seerri haaraan murtaa'e kun dorgommiiwwan Awurooppaa irratti garaa garummaa dirraa ofiirrattiifi dirreen alatti mo'achuufi goolii lakkoofsisuun qabu ni dhiphisa jedheera. Kanaaf ammoo qulqullinni dirree kubbaa, bu'uuraaleen misoomaa istaadiyeemiifi tekinooloojiiwwan akka murteessummaa viidiyoodhaan gargaaramuu (VAR) dabalatee dhimmoonni biroon akka sababaatti ka'e jedheera. Ayaaks Tootinhaam waliin bara 2019, Maanchester Siitiin Tootinhaam waliin 2019 Paariis Seentizherman Maanchester Yunaayitid waliin bara 2019, akkasumas Roomaan Baarselonaa waliin bara 2018 keessa seera garee dirree ofiitiin alatti goolii lakkoofsise jedhuun taphawwan dhiyeenya qabxiin isaanii ittiin murtaa'e akka fakkeenyaatti ka'anidha.
Ayaaks Tootinhaam waliin bara 2019, Maanchester Siitiin Tootinhaam waliin 2019 Paariis Seentizherman Maanchester Yunaayitid waliin bara 2019, akkasumas Roomaan Baarselonaa waliin bara 2018 keessa seera garee dirree ofiitiin alatti goolii lakkoofsise jedhuun taphawwan dhiyeenya qabxiin isaanii ittiin murtaa'e akka fakkeenyaatti ka'anidha.
Uziyaan Boolt ijoollee dhiiraa lakkuu Tandarrii fi Seeyint Liyoo jedhaman argate Shaampiyoonaa Olompikii aunyaa Uziyaan Boolt fi jaalalleen isaa Kaasii Beneet ijoollee dhiiraa lakkuu Tandarrii fi Seeyint Liyoo jedhaman akka argatan Instagram irratti beeksisan. Atileetiin addunyaarratti fiigicha gababaatiin beekamu umuriin isaa waggaa 34 ta'u kun, oduu abbaa ijoollee dhiiraa lakkuu ta'uu isaa kana fuula Instagram irratti emoji bakakaa fayyaamuun maqaa ijoolleessee biratti barreessuun ture. Kana malees, Shaampiyoonaan Olompikii kun suura ofiifi kan jaalallee isaa Kaasii Beneet ijoollee dhiiraa lakkuu amma argataniifi mucaa intalaasaanii umuriin ishee waggaa tokkoo waliin maxxanseera. Maqaan intalasaanii kun Olompiyaa Laayitaning jedhamti. Oduu ijoollee dhiiraa lakkuu argachuu isaanii yaa himan malee garuu yoom akka dhalatan hin ibsine maatiin kun. Kaasii Beneet akkuma Boolt suurashee tokko ijoollee kana waliin maxxansuun, "Boolt maatii kanaaf kattaafi ijoollee xixiqqoo kanaaf ammoo abbaa cimaadha" jechuun barreessite. Olompiyaa Laayitaning Caamsaa 2020 kan dhalatte yoo ta'u, kan ifatti maqaashee beeksisan ammoo ji'a lamaan booda ture. Osoo isheen hin dhalatiin Boolt hordoftoota isaatiin karaa miidiyaa hawaasaa sadarkaa ulfi Beeneet irra jirus beeksisaa tureera. Haata'u malee, yeroo ijoollee lakkuu kana ulfooftetti garuu isas ta'e Beneet waa'ee ulfaa'uusheefi sadarkaa ulfishee irra jiru hin maxxansine ture. Lammii Jamaayikaa kan ta'e Boolt bara 2017 keessa atileetiksiirraa soorama kan ba'e yoo ta'u fiigichawwan gaggabaaboo m100 fi m200 hanga ammaa rikkarii adunyaa qabachuun seenaa keessatti nama adunyaarratti saffisaan tokkoffaa ta'e jedhmaeera.
Lammii Jamaayikaa kan ta'e Boolt bara 2017 keessa atileetiksiirraa soorama kan ba'e yoo ta'u fiigichawwan gaggabaaboo m100 fi m200 hanga ammaa rikkarii adunyaa qabachuun seenaa keessatti nama adunyaarratti saffisaan tokkoffaa ta'e jedhmaeera. Kana malees, Boolt fiigicha m100 tiin Olompikii sadii mo'achuun, akkasumas maaaliyaa warqee 23 guurrachuun nama aaati jedhama. Erga atileetiksii dhaabeen booda taphataa kubbaa miilaa akka ta'u beeksisee ture garuu bara 2019 keessa guutummaatti ispoortii keessaa akka bahe beeksiseera. Boolt nama beekama maqaa ijoollee isaa tapha ispoortii ittiin beekamu waliin walqabsiisu moggaase jalqabaa miti. Bara 2013 keessaa weellisaan beekamaa Kaaniyee Weest fi haatiwarraa isaa Kiim Kaardaashiyaan Weest maqaa daa'ima isaaniif Noorz Weest jechuun moggaasuun mata-duree oduu ta'anii turan. Kaaniyee Weest fi haatiwarraa isaa Kiim Kaardaashiyaan amma wal hiikaniiru. Namoonni biroon ogummaa artiifi kan biroon beekaman maqaa ijoollee isaanii wanta ittiin beekamaniin ykn hojii ittiin milkaa'aniin walqabsiisuun moggaasu.
Xiinxala Kitaabaa: 'Yeroo sirrii itti dhalatan - Odeessa Fayyisaa Leellisaa' "Bilisummaaf qabsaa'uuf ani karaa adda ta'en filadhe. Maaraatooniin Olimpikii Riyoo De Jeneriyoo bara 2016 eessatti akka eegaleefi wayita xumuramu harkaa koo qaxxaamursuun dhugumatti maal jechuu akka ta'e ammallee na ajaa'iba." Kunneen jechoota Atileet Fayyisaa Leellisaa kan bara 2016 Olimpikii Riyoo De Jeneeriyoo irratti harkaa isaa qaxxaamursuun xiyyeeffannoo addunyaa argateeti. Gochi isaa kun hanga yaadameen ol bu'aa argamsiisee jira. Isteefanii Isteegal, barreessituun lammii Awustoraaliyaa, taatee kana irraa ka'uun kitaaba Afaan Ingiliziin barraa'e matadureen isaa: "A Time to be Born - The Story of Feyisa Lilesa" jedhu qopheessitee dhaabbata maxxansaa 'Red Sea Press' jedhamuun maxxanfame. Afaan Oromootti yoo deebifamu 'Yeroo sirrii itti dhalatan - Odeessa Fayyisaa Leellisaa' akka jechuuti. Kitaaba kana boqonnaa jalqabaa keessatti Fayyisaan waa'ee jajjabina atileetii beekamaa lammii UK - dhalataa Somaaliyaa ta'e Moo Faaraa irraa argatee haasa'a. "Wantin hin daganne tokko, kennaa qaalii Moo Faaraan naaf kennedha. Innis mormiikoof beekamtii kennuun kophee isaa addaa naaf kenne," jechuun dorgomicha booda wanna ta'e yaadata. "Fayyisaa, anis akkuma keen ture, mucaa Afrikaa hiyyeessa kophee hin qabnen ture", jedhe Moo Faaraa. Akka Fayyisaan jedhutti Moo Faaraa wayita kophee isaa kennuuf ija isaa keessa imimmaantu ture. "Anis biyya koo rakkoo hedduu qabdu of duubatti dhiiseesa," jedheen. Kitaabichi waa'ee atileetii kanaa fi waa'ee harka qaxxaamuruu isaa qofa osoo hin taane waa'ee uummata adda ta'e tokkooti - waa'ee qabsoo uummata Oromooti.
Harka qaxxaamuruun Fayyisaan agarsiisee mallattoo qabsoo Oromoo - kan Itoophiyaa fi Itoophiyaan alatti hiikaa siyaasaa guddaa qabudha. Mallattoon kun wanti yeroos Itoophiyaa keessatti ta'aa ture xiyyeeffannaa addunyaa akka argatu taasise. Kitaabicha keessatti Fayyisaan waa'ee isaa fi waa'ee uummata isaa jalqabaa akka dhumaatti ofumaan hima. Kitaabichis akka nama seenaa ofii ofiin seenessuutti dhiyaate. Yaadannoowwan Fayyisaa humna qabu. Haalli guddina isaa, gandi dhaloota isaa, haalli teessuma lafaa, amala maatii isaa, haqa dhabuu daa'umummaa irraa eegalee argaa guddate…kkf. Seenessi kun eenyummaan isaa akkamiin haala guddina isaatiin akka ijaarame agarsiisa. Barreessituun kitaabichaa Dr Isteefaanii Isteegal wayita jalqaba Fayyisaan harka qaxxamursuu isaa agartu hojii tola-ooltummaaf Finfinnee turte. Baay'ee ishee hawwatee waan tureef seenaa gocha kana duuba jiru soquu eegalte. Xumura irrattis kitaaba barreessuuf murteessite. "Itoophiyaan biyya durii, salphaatti hubachuun nama rakkisudha. Beelaa fi hongeen maqaan ishee dhaahamaa turullee atileetota fageenya dheeraa beekamoo qabdi - kuni na ajaa'iba ture," jetti Dr Isteegal Dr Isteegal Itoophiyaa kan deemte Hagayya bara 2016 yoo ta'u tola-ooltummaan barsiisuu dhufte. Finfinnee kan geesse guyyaa hiriirri mormii guddichi Oromoo Hagayya 2016 taasifame bariitu ture. "Uummaticha, haala jiruuf jireenya isaanii, rakkoo isaaniis argaan ture," jetti. Ergasi haalli nageenyaa hammaachaa dhufuu fi labsiin yeroo muddamaa labsamuu himti. Gochaa Fayyisaan Olimpikii Riyoo irratti agarsiise utubaa godhachuun qorachuu eegalte. Mormii Oromoo dudduuba taateewwan jiran wayita qorachaa turte Fayyisaa qunnamtee waa'ee jireenya isaa akka barreessitu gaafattee hayyama argatte.
"Muuxannoon Itoophiyaa keessatti qabu, Fayyisaa waliin hariiroon uume, qunnamtiin namoota adda addaa waliin godhee fi af-gaaffiiwwan ani taasise kitaaba hin dagatamne kana akkan barreessu na taasise jetti. Fayyisaan ifaa fi sodaa malee waa'ee isaa fi waa'ee Oromoo waan itti himeef Dr Isteegal dinqisiifannaan isaaf qabdu daran jabaadha. Barreessituun kun kitaabicha kan eegaltu waan Fayyisaan jedhe kanaani: "Hagayya 21, 2016 gaafa Maaraatoonii fiigu san, keessa koo gaddatu ture. Dhiirotaa fi Dubartoota dhibbaan lakkaa'aman kan hedduun isaanii umuriin anaan qixaa, ykn anaa gadii ykn na angafan, kan mootummaan Itoophiyaa gara jabinaan ajjeese yaadaan fiiga ture. Yaadannoo hiriyoota koo dhiyoo, miseensota maatii koo, firootaa fi namootan beeku biroo sababa Oromoo ta'aniif qofa ajjeefaman, reebaman, hidhaman fi namaa gadi godhaman baadheen fiiga ture. Yaadannoo gidiraa, salphinaa fi cunqursaa daa'imummaa koo irraa eegalee hanga mootummaan sun aangoorra ture mara argaa fi dhagahaa guddadhe baadheen fiiga ture. Yaadannoo warra gidiraafamaa turanii fi ammas gidirfamaa jiraniitiin kanan mallattoo qabsoo nagaa san olimpikii irratti kan agarsiise …" Guyyaan yaadannoo qabeessa ta'e sun Dilbatarra ture kan oole. Hagayyi 21, 2016 kan yaadatamu atileetiin Keeniyaa Eliyuud Kipchoogee maaraatoonii olimpikii warra dhiiraa sa'aatii 2:08.44 keessatti injifatee meedaaliyaa Warqee injifachuu isaan osoo hin taane atileetii Itoophiyaa lammaffaa baheen ture. Fiigichi sun sammuu namoota hedduu keessatti hafe. Mallattoo tokko qofaan waa'ee qabsoo Oromoo addunyaaf barnooti kenname. Miidiyaaleen idil-addunyaa hiikaa mallattoo sana ibsuuf jecha waa'ee qabsoo Oromoo himan.
Iftuu Mul'isaa, haati warraa atileet Fayyisaa Leellisaa Finfinneerraa fiigicha san hordofaa turte. Akkas jette: "Yeroos baay'ee sodaadheen ture garuu ammoo isa waanan beekuuf hedduu nan ajaa'ibne. Keessa isaa aarii hedduu qaba ture." Fayyisaan akkuma Oromoota biroo, waa'ee saamicha lafaa mufii qaba ture. Kanaaf haguma fiigicharraa fedhii qabu, mormii saamicha lafaarraas fedhii qaba ture. Fayyisaan Bitootessa 1 bara 1990 Jaldu ganda Tulluu Bultummaa jedhamtutti dhalate. Horii tiksaa guddate. Abjuun isaa jalqabaa loltuu ta'uu ture. Seenaan isaa kitaabichaa fuulawwan 40 jalqabaarratti barreeffaman dubbisuun daran hawwataadha. Faayisaan gootummaa Abbabaa Biqilaa fi Hayilee Gabrasillaasee kan fiigicha dheeraan milkaa'aniin booji'ame. Daa'imummaan aadaa Oromoo keessatti guddachuu kan himu Fayyisaan, waa'ee akaakayyuu isaa wantoota ajaa'iboo hima. Durduriiwwan akaakayyuun isaa itti himaa turetti ni amana ture. Afaan Oromoo dubbachu qofa osoo hin taane farad gulufaa fi sirnootaa aadaa fi amantii kaan keessatti hirmaachaa guddate. Waa'ee fiigichaan mana barnootaa deemuu. Gabaa Sanbataa dhaquuf ayiruuwwan keessa qaxxamuru, lukkuu fi hoolota achitti gurguraa ture, haala teessuma lafaa, hariiroo hawaasaa fi kkf qalbii dubbistootaa dhuunfatu. Gabaabumatti seenaa fayyisaa dubbisuun waa'ee Oromoo, aadaa, amantaa fi afaan Oromoo, fedhii fi akka itti yaadan, hundaa ol ammoo seenaa Oromoo fi galma isaanii illalchisee barnoota guddaa kenna. Faayyisaan siyaasarraa duubatti osoo hin jenne ifatti ilaalchaa isaa fi rakkoolee jiran barreessituu kitaabichaatti hime. Wantoonni barreeffaman tokko tokko battalatti hubachuun waan cimuuf, dubbistoonni jiddu jidduun kitaabicha cufanii takka yaaduu maalu.
Wantoonni barreeffaman tokko tokko battalatti hubachuun waan cimuuf, dubbistoonni jiddu jidduun kitaabicha cufanii takka yaaduu maalu. Waan kitaabicha keessa jiru mara himuun hin danda'amu barbaachisaas miti, dubbistootaaf dhiisuu wayya. Garuu kitaabichi seenaa Fayyisaa bira taree seenaa Oromiyaa akka himu tuquun barbaachisaadha. Kitaabicha keessatti gaaffilee kanneeniif deebii argattu: Fayyisaan maaliif miira sabboonummaa Oromummaa qabaate? Wayita ganda isaa gadi dhiisee Finfinneetti gale maaltu ta'e? Dorgommiiwwan idil-addunyaa irraa maal barate? Akkamiin taatee harka qaxxaamursuu sanarra gahe? Waggooti lama baqaarra ture maal fakkaatu turan? Maaliif gara Itoophiyaa deebi'uu murteesse? Wayita deebi'etti maaltu isa mudate? fi kaanis. Kitaabichi kanneen seenaa Oromoo beekan irra deebiin yaadachiisa, kan gonkumaa hin beekneef ammoo ni barsiisa. Barreessituun kitaabichaa akkamiin seena kana gadi fageenyaan akka barreessite nama hawwata. Kitaabichi Afaanota Itoophiyaatti osoo hiikamee gaariidha. Xumura irratti Fayyisaan Onkoloolessa 1 bara 2018 gara biyyaa deebi'e. Barreessitittiin erga Fayyisaan deebi'ee booda 2018, 2019, 2020 wantoota ta'an fuula xumura kitaabichaan booda jiran irratti gaggabaabsitee barreessiteetti. Du'a artiist Haacaaluu Hundeessaa fi hokkora sana booda uumameen namoonni 177 ajjeefamuu kaafte. Erga Fayyisaan biyyatti deebi'ee Oromoonni hidhaatti darbatamuun itti fufuu eeruun Jawaar Mohaammad akkasumas Baqqalaa Garbaa maqaa dhahuun xumurti. Silaa kitaabichi haala amma Oromiyaa keessa jiru fi waan Fayyisaan amma itti jiru himuun goolabamee gaarii ture. Hubachiisa: Barreessituun kitaabichaa maaliif Fayyisaan biyyatti deebi'uu irratti kitaabicha akka xumurte gaafatamteetti. Kitaabichi waggaa dura waan xumurameef haala amma jiru itti dabaltee fooyyessuun naaf hin mijanne jette. Fuulduraaf kitaaba biraan itti deebi'uu akka maltu himteetti.
Atileetiin medaaliyaasaa dorgomaa dogoggoraan mo’ameef dabarsee kenne jajame Atileetiin Ispeen dorgommii gosa sadii (triathlon) jedhamuurratti hirmaateefi silaa medaaliyaa argachuu danda'u, kaaniif dursa kennuun jajame. Atileetin kuni dorgommii bishaan daakaa, biskiliitii fi fiigicha of keessaa qabu irratti hirmaatee sadaffaa bahee osoo mo’achuu danda’u dorgomaasaa karaa dogoggoree mo’ameef dursa kennuun miidiyaa hawaasaa irratti jajamaa jira. Atileetiin Biriitiish Jeems Teegil dorgommii Ispeen keessatti adeemsifameen yeroo meetirri muraasni hafu otoo dogoggora hin uumne tahee silaa sadarkaa sadaffaa argata ture. Diyeegoo Meentriidaan isa mo’atee sadarkaa sana argate, garuu dogoggoorri akka uumame hubatee Teegil akka bira darbu taasise. ‘’Iddoon kun isaaf taha,’’ jedhe. Dorgommiin kun Fulbaana 13 taasifame garuu viidiyoon gochaa atileetii kanaa agarsiisu guyyoota dura gadhiifame. Namoonni baayyeen Meentiriidaa dorgomaasaaf iddoo gadhiise leellisan. Jimaata drabe Meentriidaa sadarkaa sadaffaa kabajaa fi qarshii doolaara 274 argate. ‘’Kuni waan maatiifi kilabni koo ijoollummaarraa na barsiisani. Anaaf waan addaa akkan dalagetti natti hin mula’tu,’’ jechuun Meentriidaan hordoftoota isaa miidiyaa hawaasaa irratti isa leellisan galateefateera. Teegil dogoggorri kan uumame dorgommicha xumuruuf fageenyi meetirri 100 gaditti yoo hafu dha. Teegil dogoggoraan karaasaa dhiisee gara ummataatti fiige. ‘’Mallattoo kaa’ame hin argine yookiin mallattichi seeraan hin teenye taha,’’ jechuun Yuuroo Ispoortiitti dubbate. Meentridaan dorgomaasaa Teegil dogoggoraan duubatti hafe kana fiigee mo’achuu otoo danda’uu saffisa isaa hir’isuun isa eegee akka qaqqabu taasise.
Meentridaan dorgomaasaa Teegil dogoggoraan duubatti hafe kana fiigee mo’achuu otoo danda’uu saffisa isaa hir’isuun isa eegee akka qaqqabu taasise. Teegil Meentriidaa harka fuudheeti sarara xumuraa darbee gale ‘’Karaa isaarraa akka maqe yeroon baru, nan dhaabadhe. Jeems meedaaliyaa kana argachuu qaba,’’ Jedhe Meentriidaan, kana boodallee waan akkanaa yoo dhalate akka irra deebi’u dubbate. Dorgommii kanarratti sadarkaa tokkoffaa kan bahe Haaviir Goomez kun ‘'seenaa guddaa dha,’’ jechuun isa dinqisiifateera.
Tapha Biraayitan fi Maanchistar Yunaayitid ‘seera dabseerraa’ maal baranne? Akka leenjisaan Yunaayitid Oli gana Solshaayer jedhetti, taphichi ‘‘seera kan jallisedha’’, ofii tapha diraamaan guutameefi Sambata darbe Biraayitanitti taasifamee injifannoo Yunaayitidiin xumurame kanarraa maal baranne? Wanti ta’e kanadha: Yunaayitid galchii peenaalitii Biruunoo Fernaandeeziin injifatane. Peenaalitiin kan argame ammoo erga taphichi dhumeera jedhamee abbaan seeraa firiimbaa afuufanii booda murtee viidiyoodhaan- VAR- ilaaluun ture. Galchii shanaffaa taphichaafi taphicharra peenaalitiin kan argamte yeroo lammaffaa yoo taatu, warri keessummeessan Biraayitan si’a jaha kubbaan goolii rukuttee irraa yoo deebitu, warri keessummaan ammoo si’a lama taphaan ala jedhamuun galchiin duraa haqame. Yunaayitid qabxii sadii kan jaqabaa bara kanatti yoo argatan, Biraayitaniif garuu tapha sadii keessaa lama akka mo’aman isaan taasise. Kadhibii maaltu ta’e? Yunaayitid fooyya'aa jira, garuu ammallee isa hafa, Kun ilaalcha Soolshaayer dha. Injifannoo dirree isaaniitti Kiriistaal Paalaasiin irratti gonfatameef leenjisaan kun weerarri koroonaavaayiras garee isaa waan miidheef akka ta’e ibse. Tapha miidhagaa akkamii agarsiisuu akka danda’an dirree wal-fakkaataatti Biraayitaniin 3-0 injifachuun kan agarsiisan warri diddiimoo, Sambata darbe hangam taphni harkaa akka bade irraa mul’ate, kan Kiriistaal Paalaas waliin tasisanirrraa garuu hedduu fooyya’aadha. Raashfoordillee galchii miidhagduu lakkoofsiseen ga’umsa isaatti deebi’aa jiraachuu agarsiiseera. ‘‘Deebii taphattoonnikoo kennaniin hedduun gammade, 2-2 wal-qixa ba’uuf salphumatti filachuu danda’u ture,’’ jechuun BBC’tti dubbate.
‘‘Deebii taphattoonnikoo kennaniin hedduun gammade, 2-2 wal-qixa ba’uuf salphumatti filachuu danda’u ture,’’ jechuun BBC’tti dubbate. ‘‘Taphoota haala gaariin eegaluu qabna, akkas hin taane, torbee darbes baay’ee boodatti hafnee turre. Garuu fooyya’aa jirra. "Taphicha mo’annee qabxii sadii argachuu keenyaan gammachuun koo %100, sochiin agarsiisaa jirru garuu achittuu hin siqu, hundi keenyayyuu kana beekna." Soolshaayer yaadasaa yoo itti fufu, ''waan ta’e amanuu qabna, isaantu carraa baay’ee uume, tarii qabxii tokko argachuun ga’aa ture, garuu carraadhaan injifachuu dandeenyeerra," jedhe. Sararri ittisaa Yunaayitid taphoota kilabichi itti moo’ameef itti gaafatamaadha jedhamaas jira tibbana. Biruunoo Fernaandeez garuu kanaan walii hin galu. Taphattoota shan duubarra jiran qofa miti kan galchii eegan jedha. "Akka malee iddoo isaaniif kennaa turre, kubbaas haalaan qabannee taphachaa hin turre, galchii lama numatu kenneefi, of-fooyyessuu qabna," jedhe BT Sport’f.
Koronaavaayirasi: Kaanaadaan atileetota hin ergu jechuun Olompikii baranaa shakkii guddaa keessa galchaa jira Dorgommiin Olompikiifi taphoota paralimpikii 2020 Tokiyoo shakkii guddaa keessa galeera, kessumattu erga Kaanadaan atileetota dorgommicharratti hirmaatan akka hin ergine beeksisteen booda shakkiin jiru bal'ateera. Kanaadaan tarkaanfii kana fudhachuutiin biyya jalqabaa taatiitti. Kaanaadaan kana kan beeksiifte, ammoo erga minisirri muummee Jaappan Shinzooo Abee yeroo jalqabaaf guyyaan dorgomichaa achii siqun isaa hin oluu jechuun amanani booda. Haluma kanaan gartuun Awustiraaliyaa dorgommichii akka hin gaggeefamne 'ifaa' dha jechuun atleettonni ishee dorgommiii 2021'f akka qophaa'aniif itti himteetti. Dorgommiin kun Adoolessa 24 akka jalqabuuf karoorfamee jira. Kaanadaan maal jette? Koomiteen olompikiifi paralimpikiii atleetota, gartuulee ispoortii fi mootummaa Kaanadaa waliin mari'achuun "murtee isa cimaa" murteessuu isaa beeksise. Sana booda dorgomichii waggaa tokkoof achi akka siquuf Koomitee Olompikii Idil addunyaa, Komitee pParalimpikii Idil Addunyaa fi DHaabbata Fayyaa Addunyaaf 'aritiin waamicha' dhiyeessera. "Dorgommii kana achi siiqsuun akkam akka cimaa ta'e nuuf gala ta'us garuu fayyaa fi nageenya atleetotaafi hawaasa addunyaarra kan kan caalu hin jiru" jedha ibsi isaani. Boodarra Kaanadaan fuula Tiwiitaraa irratti, "Har'a guyyaa dabarsaa. Bor ammo injifadhaa" jechuun maxxansaniiru. Shinzoo Abeen hoo maal jedhani? Torban hedduuf aanga'ooti Jaappan dorgommichi akkuma karoorfameen akka itti fufu himaa turani. Garuu Wiixata kana MM Abeen haasaa paarlaamaa irratti taasisaniin yeroo jalqabaaf guyyaan olompikii Tookiyoo 2020 achii siquun isaa akka hin oolle amananiiru. "Dorgommii kana guutummaatti qabaachuun ni cima, nageenyi aatleetota dursa dhufuu isaa yeroo yaadnu murtiin guyyaa isaa achi siqsuu kan hin oolle ta'a," jedhani.
"Dorgommii kana guutummaatti qabaachuun ni cima, nageenyi aatleetota dursa dhufuu isaa yeroo yaadnu murtiin guyyaa isaa achi siqsuu kan hin oolle ta'a," jedhani. Ta'us garuu dorgommichi gutummaatti akka hin haqamne dubbataniiru. Dorgommiin olompikii yeroo nagaatti haqamees ta'e guyyaan isaa geeddaramee hin beeku.Olompikiin 1940 sababa Waraana Addunyaa Lammaaffan kan haaqame ture yoo ta'u yeroo sanattis Tookiyootti gaggeefamuuf ture. Ejjennoon Koomitee Olompikii Idil addunyaa (IOC) maali? Dilbata irratti IOC'n dorgommii 2020 irratti murtee murteessuuf ofiif torban afur kennuu isaa beeksiseera. Guyyaa geeddaruun 'filannoo' tokko ta'uu danda'a, dorgommicha haquun garuu " rakkoo kamiifu furmaata hin ta'u ykn eenyunuu hin gargaaru" jedha. Xalayaa atleetootaaf barreessaniin pirezdaantiin IOC Toomaas Baachi " Lubbuun namaa dorgommii qopheessuu dabalatee waan hundarra caala" jedhaniiru. Biyyootiin biroofi atleettonni maal jedhu? Wiixata Awustiraaliyaa atleettonni ishee dorgommiii 2021'f akka qophaa'aniif itti himteetti. Dilbata ammo, hogganaan Atleetikii Addunyaa, Sebasishiyaan Koo dorgommii Adoolessa keessa gaggeessun "dhugaas hin fakkaatu baarbaachisaas miti" jechuun Toomaas Baachiif barreessaniiru. Ispoortiin Fiigichoo USA guyyaan akka geeddaramuuf waamicha dhiyeessaniiru. Atleetonni gartuu Global Athlete jedhamuuf murtee wal fakkaata qabu.
Atileet Hayilee G/Sillaase: Haqaafi wabii nan barbaada Akka addunyaatti maqaan Itoophiyaa gaarummaan akka ka'u namoota taasisan keessaa Haayileen isa tokkodha. Milkaa'inni fiigichaan goonfate waltajjii addunyaarratti maqaa guddaa akka horatu taasiseera. Fiigichaan waltajjii addunyaa irratti maqaa biyyaa yeroo garaagaraatti waamsisuun cinatti, invastimantii garaagaraa irratti hirmaachuun diinagdee biyyaaf bu'aa argamsiisaa tureera. Ajjeechaa Hacaaluu Hundeessaa hordofee hookkara magaalaa Finfinneefi bakkeewwan muraasa Naannoo Oromiyaatti mudaten lubbuun namootaa 180'tti siqu darbeera. Dabalataanis, qabeenyi guddaa manca'u isaa poolisiin ibsaa ture. Keessumaa magaalawwan Baatuu fi Shaashamannee keessa balaan qaqqabe olaanaa tahuusaa jiraattonni BBC'n dubbise dubbatu. Qabeenya magaalawwan kunneenitti barbadaa'an keessaa hoteelonnii atileet Haayilee Gabirasillaasee lama keessatti argamu. Tilmaamni qarshii hoteelota sadarkaa isaanii eeggatan lamaan kanaa qarshii miiliyoona dhibba lamaa ol ni taha jechuun Haayileen BBC'tti himeera. ''Lakkoofsa isa sirrii hin barre miiliyoon 290 tahuu mala, shallagni kun qabeenyaan bade gatii amma gabaarratti qabuun tilmaamame,'' jedheera. ''Hoteelli keenya Shaashamannee jiru abbaa urjii sadii yoo tahu guutummaan guutuutti barbadaa'ee jira, baayyees itti dhamaanee turre,'' jedha Haayileen. ''Inni Baatuu jirullee foddaawwan daawwitii, Ispaa, iddoo ispoortii hojjetan, man-kuusa, lafa wayyaa miicanii fi kutaan nyaata itti bilcheessan guubateera. Kutaa simannaa keessummaa fi kaanifillee kan oolan jiru. Meeshaan baay'ee garuu keessaa hatameera,'' jedhe Hayileen. Magaaloota kanatti kana booda hojiitti deebi'u isaa kan gaafatame Haayileen akka ifatti akka hin murteessine hima.
''Isa Shaashamannee jiru bu'uurumaa lafa qonnee akka haaraatti jalqabuu qabna, isa Baatuu jirullee waggaa tokko keessatti haaromsinee itti deebina taha,'' jedheera. Namoonni hoteelichatti qacaramanii hojjetan kan 400 caalan hojiin ala tahaniiru jedheera. Dhaaboti isaaniin qacaruu danda'an kan magaalawwan kunneen keessa jiran biroonille akkasuma miidhaan irra gaheera jedheera. ''Kuni balaa guddaa dha biyya hojii dhabdummaan itti babal'ate keessatti nama hojii hin qabne biraa uumeedha.'' ''Dhaabota wal fakkaataa biroo irrattillee miidhaa qaqqabeen warreen buddeena isaanii dhaban gaafa yaaddu rakkoon kun guddaa tahuu hubatta,'' jedheera. Atileet Hayileen miidhaan bakkeewwan garaa garaa Oromiyaa keessa dhaqqabe gibira mootummaan argachuu danda'u kan hambisee fi abbootii qabeenyaa biroo hojiilee akkasii keessatti hirmaachuu barbaadaniif ergaa gaarii hin qabu jechuun hima. "... abbootiin qabeenyaa magaalaa gubbatte ilaalaa akkamitti maallaqasaa hojiirra oolcha? Warshaaleen, hoteeloonni, dhaabbileen daldalaa, qonni abaaboo gubataniiru… wantoonni baay'een gubataniiru. Akka biyyaatti dhabneerra... ." Hayileen qabeenyasaa jala gubateef ishuraansiirraa kaffaltii ni argadha jedhee amana. "Ani qabeenya asitti dhabe dhaabbilee daldalaa kiyya biroorraa nan kiisa ta'a; garuu namoonni waan tokko qofa qaban kan guyyaa tokkotti dhaban meeqatu jiru. Kan namoota muraasaa yoo dhageessu baay'ee nama rifaasisa; namoota uffannaa halkanii fi kophee silibeerii tokko qofa qabatanii, kan uffata jijjiiraa biraa osoo hin qabanne manaa bahanii mana namoota birootti hafan jiru." Miidhaa qabeenyasaarratti dhaqqabe ilaalchisee hoggantoota hawaasaa bakkichaa fi qondaaltota waliin bilbilaan marii taasisuusaa BBC'tti himeera. "Hojjattoonni baay'ee hojiin ala ta'aniiru; mootummaan saffisaan deebii akka nuu kennu barbaanna, waliinis dubbataa jirra," jedha.
"Hojjattoonni baay'ee hojiin ala ta'aniiru; mootummaan saffisaan deebii akka nuu kennu barbaanna, waliinis dubbataa jirra," jedha. Deebii harkaa kan qabu mootummaadha kan jedhu Hayileen "gara fuulduraatti taateen wal fakkaataan akka hin dhaqaabne wabii fi haqni ni" barbaachisa. "Jalqabarratti haqni ni barbaachisa" jechuun dubbata. "Namoonni miidhaa kana dhaqabsiisan seeratti dhiyaachuu qabu." Gama kaaniin wabii eeggamu mootummaa qofa irraa osoo hin taane ummatarraas dhufuu qaba jedha Hayileen. Miidhaan naannoo Laanganoo gahuuf ture hawaasa naannoo fi hojjattootaan osoo hin milkaa'ini hafuusaa ibsuun bakkeewwan biroos haalli wal fakkaataan jiraachuu qaba jedha. "Qabeenya nama dhuunfaa gubaa namni biraa dhufee hojii hojjata jechuun ni ulfaata." Qaamoleen nageenyaa taatee akkaanaa ittisuun isaanirraa eegama kan jedhu Hayileen "isaanis ittisuu hin dandeenye" jechuun komiisaa ibseera. Hayileen miidhaa qabeenyasaarraa gaheef beenyaan akka kaffalamuufii qabu hima. Hoteela dhiheenyatti Adaamatti banamuuf ta'uuf hojjattoota Shaashamannee fi Baatutti hojiisaanii dhaabaniifi bakka jireenyasaanii jijjiirachuu danda'an qacaruuf yaaduu isaa hima. "Biyya tiyya, Itoophiyaadha, eessallee hin deemu. Duutillee osoo dhufee asumatti qabsoofta."
Mindaafi durgoo tokko malee hojjechaa jirra: Komaandar Huseen Shiboo "Miira olaanaatu natti dhagahame. Anaafis ta'ee biyya keenyaaf badhaasni akkanaa haaraa waan ta'eef miira gaarituu natti dhagahame. Baay'een itti gammadee jira," jedhu leenjisaan atileetiksii Komaandar Huseen Shiboo. Dhiyeenya kana Konfedereeshinii Atileetiksii Afriikaatiin leenjisaa cimaa bara 2019 ta'un kan filataman Komaandar Huseen Shiboo waa'ee badhaasichaafi qophii Olompikiif taasifamaa jiru irratti BBC waliin turtii taasisaniiru. Godina Arsii aanaa Muunessaatti kan dhalatan Komaandar Huseen, waggoota 28 darbaniif ogummaa leenjisummaa atileetotaa keessa turan. Komaandar Huseen sababani badhaasa Konfedereeshinii Atileetiksii Afriikaa itti argatanis biyyattin bara 2019 gama atileetiksiin sadarkaa addunyaafi Afriikaatti qabxii gaarii waan galmeessisteef akka ta'e himan. Dorgommii qaxaamura biyyaa bara 2019 keessa Denimaarkitti taasifamen guutuu addunyaarraa sadarkaa tokkoffaa bahu ishee, dorgommii guutuu Afriikaa Morokoo magaala Raabaat adeemsifame irrattis qabxii olaanaa galmeessisuushee akkasumas qabxii shaampiyoonaa atileetiksii addunyaa Qaataar Doohaatti galmaa'e badhaafamuu isaaniitif sababa akka ta'e Komaandar Huseen Shiboo himu. Badhaasichi isaaniifi leenjistoota atileetiksii birootiif hamilee akka kennu fi hojii isaanis kaka'umsaan akka hojjetan kan taasisu ta'uus dubbatan. Waggoota 28 keessatti dorgommiiwwan hedduurratti kan hirmaatan leenjisaan kun dorgommii guutuu Afriikaa irratti si'a jaha, dorgommii olompikii shan, akkasumas dorgomiiwwan qaxxaamura biyyaafi mana keessaa 15 ol irratti hirmaataniiru. Leenjisaa garee biyyaalessaa ta'un cinatti Komaandar Huseen atileetota kilaba Manneen Sirreessaa Federaalaa leenjisaa jiru. Fiigichawwan gabaabaa meetira 100 hanga fageenya dheeraa maaraatoonitti akkasumas gosoota ispoortii akka darbannaafi utaalchoos leenjisaniiru.
Komaandar Huseen Shiboo yeroo garaagaraatti leenjiiwwan leenjisummaa atileetiksii kan fudhatan yemmuu ta'u isaan keessaa leenjiwwan dhaabbilee 'Olympic Solidarity' fi 'International Federations' jedhamaniin kennaman ni argamu. Komaandar Huseen Shiboo yaada qabxiin Itoophiyaan dorgomiiwwan atileetiksii meetira 5,000 fi 10,000 irratti galmeessistu gadi bu'aa dhufeera jedhu irratti waliigalu. Sababa isaa yeroo himanis "duraan garee biyyaalessaa jedhamee walitti qabnee waggaa dheeraaf leenjisaa turre. Amma garuu gareen biyyaalessaa bittinnaa'era. Hin jiru. Atileetotnis dhuunfaadhaan hojjechaa jiru" jedhan. Waggoota muraasaa as leenjiin bifa dhaabbi ta'en atileetota biyyattii bakka bu'anif kennamu dhaabbachuunsaa qabxii biyyattii gadi buusuu isaa kan himan Komaandar Huseen Shiboo waldhabdeen Federeeshinii Atileetiksii Itoophiyaa fi Koree Olompikii Itoophiyaa gidduu jiru atileetiksii biyyattif rakkoo isa biraa ta'u himan. "Yoo isaan lamaan walii hin galle nurratti gama hundaanu dhiibbaa guddaa fida. Yoo hatattamaan hin furamnes gama shaakallis ta'e qabxiitin rakkoo guddaa ta'a" jedhan. Waggaa afran har'aa yeroo Olompikii Riyoof qophaa'anis waldhabdeen hooggansa koree olompikii hojiirra jiru fi koree duula na filadhaarra ture gidduutti uummame qabxi biyyattin Olompikii Riyootti galmeessiste irratti rakkoo uumuusaa himan. Kanaafuu rakkoon Federeeshinii Atileetiksii Itoophiyaa fi Koree Olompikii Itoophiyaa gidduu jiru yoo furame malee dorgommii Olompikii ji'oota muraasa booda Jaapaanitti taasifamuf qabxii biyyattiirratti miidhaa akka qabaatu Komaandar Huseen dubbatan. Dorgommii Olompikii Jaapaanitti adeemsifamuf kaffaltii tokko malee atileetota bilisaan leenjisaa akka jiran kan dubbatan leenjisaan kun "ijoollee nutu guddise. Akka bittinnaa'an waan hin barbaadnef osoo Federeeshiniinis ta'e Koreen Olompikii mindaas ta'e durgoo nun kaffalle uummataaf fi biyya kanaaf jennee hojjenna" jedhan.
Akka bittinnaa'an waan hin barbaadnef osoo Federeeshiniinis ta'e Koreen Olompikii mindaas ta'e durgoo nun kaffalle uummataaf fi biyya kanaaf jennee hojjenna" jedhan. Shaakallin Olompikiif taasifamus yeroodhaan akka eegaluf Federeeshinii Atileetiksii Itoophiyaa fi Koreen Olompikii Itoophiyaa waliigalanii hojiitti akka galamus dhaaman.
Riqicha Landan: Namtichi halleellaa raawwate duraan himatame ture Namitchi guyyaa Jimaataa halleelaa riqicha Landan irratti raawwate kan kana dura himannaa shororkessuummaan himatamee ture ta'u adda baafame. Namni maqaansaa Usmaan Khan jedhamuufi umuriinsaa waggaa 28 ta'e kunis, wayita halleelicha raawwateetti reefuu hidhaarraa dhiifamaan bahee jedhameera. Innis gocha isaa kanaan namoota lama kan ajjeesse yoo ta'u, namoonni biraa sadii miidhaaf saaxilamaniiru. Khaan bakkuma halleelaa miseensoota hawaasaatiin akka hin miliqine erga taasifameen booda qondaala poolisiitiin ajjeefameera. Poolisiinis gochaan halleellaa shororkessuummaati jedheera. Khaan duraanuu aanga'ootaan kan beekamuufi bara 2012ttis gocha shororkessuumaatiin himatamee kan ture ta'uu, Gargaaraan Komishinarri poolisii Met, Neel Baasu himeera. ''Innis Muddee bara 2018 dhiifamaan nama hidhaatii kan gadhiifame yoo ta'u, amma attamiin halleellaa kana raawwachuuf akka dhufe qorannoo gadi fagoon gaggeefamaa jiraachusaa'' ibsichaan himameera. Times ammoo Khaan bara darbee hiidhaadhaa erga gadhiifameen booda, sochiin isaa akka to'atamuuf uffannaa elektironikaa akka uffatu walii galuun kan bahe ta'u gabaaseera. Qondaaltoonni teessoo isaa Staffordshire tti argamuufi bakka Khaan jiraachaa tureetti qorannoo gaggeessaa jiru. "Ammatti qorannoo sadarkaa jalqabaa gaggeessaa waan jirruuf, ammaaf halleelicha ilaalchisee eenyuunu hinbarbaadnu'' jedheera. ''Haa ta'u namoonni biraa halleelaa kana keessatti hin hirmaatiin deebii attattamaa taasisuuf itti fufneera. Akkasumas halleellaan gara biraa ummata irra akka hingeenyeeef hajjataa jirra,'' jedheera. Namtichi halleellaa raawwateer guyyaa Jimaataa sa'aatii 13:58 GMT irratti bakka Fishmonger' Hall' jedhamuufi kaaba Riqicha Landaniitti argamuutti eegale.
Namtichi halleellaa raawwateer guyyaa Jimaataa sa'aatii 13:58 GMT irratti bakka Fishmonger' Hall' jedhamuufi kaaba Riqicha Landaniitti argamuutti eegale. Eddoon kunis bakka konfaransiin mata duree 'Waliin barachuu' jedhuun haala hidhamtoota bayyanachisan irratti Yunivarsitii Kaambirij keessatti gaggeefamaa tureedha. Shakkamaan kunis walgahii namoonni biraa hedduufi barattoonnii fi hidhamtoonni duraa irratti hirmaataa jiranirratti qooda fudhate ture. Mr Baasuun halleelichi gamoo keessatti eegaluun booda gara Riqicha Landan lafa Khaan itti qondaaltoota poolisiitiin waliitti dhokaasee akka gahe himeera. Halleelichaan dubartiifi dhiira tokkotu ajjeefame, Mr Baasu himan. Akkasumas dhiirri tokkoofi dubartoonni lama kan biraa miidhamuun wallansaaf hospitaala galaniiru jedhe. Simon Stevens, Ittigaafatamaa NHS, Jimaata akka jedhaniitti, kanneen miidhaman keessa tokko haala cimaa keessatti kan argamu yoo ta'u, lammaffaan tasgabbaa'aa yoo ta'u inni sdaffaan ammoo miidhaa muraasatu irra qaqabe jedheera. haa ta'u malees maqaan namoota du'aniif ta'e kanneen miidhaa irra qaqabee adda baafamuun hincaqafamne. Qondaaltoonni poolsii eenyummaa namoota kanneen adda baafachuuf hojjataa jiraachu himaniiru. Kana duras Waxabajjii 3 bara 2017'tti Riqichi Landoon halleellaan walfakkaatu itti gaggeefamuun namoonni saddeete ajjeefamanii baayyeen miidhamsaanii niyaa datama. Haalleellaan tibbanaa kunis erga yaaddoonni shorrkessuummaa UK'tti sadarkaa yaachisaarraa gara jiddugalaatti bu'unsaa Sadaasa 4 himameen booda. Kana jechuunis halleellaan yoomiyuu raawwatamuu danda'a jechuudha. Sadarkaa yaddoo sharorkeessuummaa yeroo hunda baatii jahaan kan xinxalamu yoo ta'u, Jiddugalli Xinxala Shororkessummaa gaggeefameen motummaan of danda'u akka qabaatu yaada furmaataa dhiyyeesse jira.
Dureen mana murtii Keeniyaa himannaa filannoorratti ka'e kuffiiste Maartaa Koomee eenyuu? Manni Murtii Olaanaa Keeniyaa himannaa bu’aa filannoo baatii tokkoon dura raawwatameerratti Raayilaa Odiingaatiin dhiyaatan kuffisuun Wiliiyaam Ruutoof mirkaneesse. Ittigaafatamtuun Mana Murtii Olaanaa biyyattii, Maartaa Koome murtee kana keessatti gahee olaanaa baate. Kanaanis wal qabatee, namoonni hedduun hojii Maartaan hojjattaniif leellisa karaa intarneetii ibsaaniiru. Akka ‘goota’ haqa argamsiifteetti ibsaniin. Ofii Maartaa Komee eenyuudha? Maartaa Koomee dubartii umuriin wagga 62 yoo taatu kan dhalattees baha Keenyaa baadiyyaa Meeruu keessatti. Abbaan isheen irraa dhalatees nama haadha warraa lama fudhuuni ijoollee hedduu irraa godhatan. ‘‘Dhugumatti ani nama baadiyyaati. Maatiin koo qonnaan bultoota turan. Nuti obboolaa 18 kan haadhoolii lamarraa dhalannee taanee guddanne. ‘‘Kanaafuu hunda keenyaafu, keessattuu shamarraniif dhiibbaa aadaa mo’achuun baayyee cimaa ture,’’ jettee turte kana dura waa’ee haala itti guddattee ilaalchisuu yeroo dubbattee turtetti. Muudamni ishee akka hoggantuu Haadha alangaa mana Murtii Olaanaa Keeniyaas Caamsaa 2021 keessa akka tasaatti dhagahame. Isheenis dorgomtoota 10 Komishinii Tajaajila Haqa Keeniyaatiin tamsaasa TV kallattii gubbaatti gaaffiifi deebiin dhiyaateef keessaa tokkooffaa baate. Kanaanis dorgommii sa’aatii afuriif gaggeeffame haala tasgabbii fi ofitti amanummaatiin injifachu dandeesse. Isheenis ‘‘afuura haaraa baafachu’’ jechuun ibsite turte. Haatii alangaa tunis falmituu mirga dubartootaa irraa kaa'uun sadarkaa haadha alangaa mana murtii olaanaa biyyattii ta'uu dandeesse. Haatii Alangaa Maartaa Koomeen hojii mirga daa’imannii irratti hojjatteen bara 2020tti Badhaasa Waggaa Nama Keeniyaa Dhaabbata Gamtoomaniitiif dorgomuun sadarkaa addunyaatti beekamtii argate jirti.
Haata'u malee Maartaa Koomee gaheen ishee mirga daa'imaafi dubartootaatiif falmuun baateen alattis, Heera mootummaa biyyatti kan 2020, keessatti Wixinee mirgootaa wixineessu keessatti gahee olaanaa bahate. Isheenis waa'ee heera mootummaa kan amma loogii korniyaa irratti keewwata gaarii qabate wixinneessuu keessatti gahee baate boonaa dubbatti. ''Seerri duraanii dhimma lammummaa osoo hintaanee, hojiimmatawwan aadeeffannaa , kanneen akka heeruma daa'imummaa fi dhaqna qabaa dubaraa fa'i caalchisa ture. Daandii dheeraa imalle,'' jette. Kana malees Maartaan Koreen Gamtaa Afriikaa keessatti komishinara ta'uun Mirgaa fi nageenya Daa'imaarra tajaajilte jirti. Erga bara 1986tti Yunivarsitii Naayirobii irraa seeraan eebbifamteen boodas hojiiwwan jajjabaa hojjataa kan turte Haatii Alangaa tun, heerumuunis ijoollee sadii godhatetti. Erga seeraa eebbifamteen booda digiriiwwan garaa garaas barattee jirti. Bara 1988tti gargaartuu ogeettii seeraa ta'un eegaltee, booda bara 1993tti dhaabbata seeraa mataashee hundeeffatte. Tibba dhunfaan hojjataa turteettis, hojiiwwan ittisa mirga namoommaa, fi hidhamtoota siyaasaa bakka bu'uun tibba bulchiinsa pirezidaanti Daani'eel Araap Mo'itti hojjatteen dinqisiifannaa olaanaa argatte. Bara 2003tti, haatii seeraa beekamtuun tunis mana murtii keessa hojjataa kan turte yoo ta'u, Pirezidaantiin yeroo sanaa Mwaa'i Kibaakiin haadha seeraa Mana Murtii Olaanaa gochuun muudaniin. Waggoota saddeetiifis Manneen murtii Lafaafi Naannoo akkasumas kutaa maatii kan Naayirobii keessaa hogganaa turte. Akkasumas manneen murtii sosocho'an (satellite) keessatti hojjataa turte. Booda ammoo bara 2012tti gara Mana Murtii Ol Iyyannootti guddachuun, Amma Hoggantu Mana Murtii OLaanaa biyyatti ta'urra geesse.
Booda ammoo bara 2012tti gara Mana Murtii Ol Iyyannootti guddachuun, Amma Hoggantu Mana Murtii OLaanaa biyyatti ta'urra geesse.
MM Finlaand shubbisarratti argamte qoricha sammuu adoochu fudhachuu malti jedhamee qoratamtus bilisa taate Ministirri Muummee Finlaand, Saanaa Maariin, qoricha sammuu adoochurraa bilisa taate. Dubartiin umuriin ishee ganna 36 taate kun mana shubbisaatti sirbaa osoo jirtuu argamte qoricha sammuu aduuchu fudhachuu malti jechuun akka qoratamtu gaafatamuu hordofeeti kan qoratamte. Bu’aan qorannoo ministirri muummee kun qoricha nama adoochu akka hin fudhanne mirkaneesse jedhe mootummaan biyyattii. Qorannoon kuni eega sagantaa bashannanaa tokko irratti shubbisaa, sirbaafi osoo dhugduu mul’atte boodadha. Taateen kana agarsiisu viidiyoo dhoksaan waraabamee baheen saaxilame. Kanaanis, hedduu qeeqamte. Viidiyoo miidiyaa hawaasummaa irratti bal'inaan qoodame kanaan qondaalli kun hiriyyootashee bebbeekamoo Finlaand waliin osoo 'of gadhiistee' bashannantuu ture kan mul’atte. Eegasii dursaan paartii mormituu tokko ammoo ministirri muummee kun, "qoricha sammuu namaa adoochu [fudhachuu waan dandeessuuf] qortamuu qabdi" jechuun gaafatan. Eegasii gaafa Jimaataa qorannoon qoricha sammuu hadoochuu gaggeeffame. Bu’aan qorannoos gaafa Wiixataa barame. Ibsa mootummaan Finlaand har'a baaseen qorannoo taasifameen qorichi keessatti hin argamne jedheera. Saanaa Maariin erga torban darbe viidiyoo dhokfamee baheerratti shubbistuu mul'atte booda ijoo dubbii taateetti. Qorannoo dura qoricha akkanaa fudhattee akka hin beenne, garuu dhugaatii dhuguu himte. Ibsi mootummaa Ministirri Muummee Saanaan baasii qorannoo kanaa ofumaa danda'u ibse. AFP'n kan waabeffate gorsituu addaa aangawaa kanaa kan taate Iidaa Vaaliin, fincaan MM Finlaand kokeenii, kaanaabis, oppiyoodiifi amphetamines yoo qabaate jedhamee qoratameera.
AFP'n kan waabeffate gorsituu addaa aangawaa kanaa kan taate Iidaa Vaaliin, fincaan MM Finlaand kokeenii, kaanaabis, oppiyoodiifi amphetamines yoo qabaate jedhamee qoratameera. Garuu keessatti hin argamne. Yeroo tokko dargaggoo umrii xiqqoon bulchituu biyyaa ta'un maqaan kan eerame aangawaan kuni festivaalota muuziqaa irratti hirmaachuun yoo bashannantu mul'achuun waan haaraa miti. Jalqaba baatii kana gaazexaan Jarman Bild jedhamu MM Finlaandiin ''ministira muummee shaggee addunyaa keenyaa'' jechuun jajeera. Saanaa Maariin bara 2019 Ministira Muummee Finlaand ta’un muudamte. Yeroo filamtu hoggantuu biyyaa umriidhaan xiqqoo turte, maaltu akka ishee eggatus namuu hin beeku ture. Magaalaa Pirkkaalaa jedhamtu kan kibba-lixa biyyattiitti argamtu keessatti yoo guddattu, haatishee abbaashee dhugaatii baay'isu waliin wal hiiktee qofaa ishee guddiste. Kanaaf Sanaa Maariin maatii ishee fi of deeggaruuf hojii gurgurtaafaa hojjetti ture. Deeggarsa mootummaan kennuunis fayyadamaa turte. Barsiistuunshee mana barnootaa sadarkaa lammataa 'barattuu gidduugaleessaa' ishee jettiin ture. Isheenis qabxii ishee fooyyessuuf jecha hojii manaa dabalataa akka kennamuuf gaafatti ture. Gama siyaasaan dammaquu kan jalqabde yeroo umriinshee digdamoota keessa ture dha. Of foyyeessurra darbitee kaaniis gargaaruu akka dandeessu hubatte. Akeekni mootummaa Maariin duuba jirus kanuma dha, sagantaa wal-qixxummaa. Hojii mana keessaa dhiiraafi dubartiin qixxee hirmaachuu, haleellaa saalaa mana keessaa dhabamsiisuu, garaagarummaa kaffaltii dhiiraafi dubartii gidduu jiru duuchuu, barnoota ijoolle harka qalleeyyii fi godaantotaa fooyyessuu fa'a. Dhimma koorniyaa ofii geeddarachuun walqabatu irrattis haaromsi taasifamaa jira. ''Namni kamiyyuu eenyummaa ofii murteessuuf mirga qaba sagantan keenyi immoo kana ni deeggara,'' jetti Sanaa Maariin.
Iraan hogganaa kamiin bulaa jirtii? Hiriira mormii du’a dubartii mana hidhaa keessatti mudate hordofuun biyyattii guutuutti gaggeefamaa jiru irratti humnootiin nageenyaa tarkaanfii cimaa fudhataa jiru. Shamarreen wagga 22 Mahsaa Amiinii sirriitti rifeensa ishee hin haguugganne jedhamuun to’atamte turte. Mormii biyyattii guutuutti gaggeeffamaa jiruun walqabate yoo xinnaate namoonni 150 ajjeeffamuu gareewwan mirga namoomaaf falman ni himu. Ofii namoota hiriiraaf bahan irratti tarkaanfiin humnaa akka fudhatamuuf kan murtessu eenyu? Iraan keessatti aangoo olaanaa irra kan jiran Ayaatolaah Alii Komaanii, erga bara 1989 kaasee hogganaa olaanaa biyyatiiti. Aanga'aan ittigaafatamaa biyyattiifi ajajaa olaanaadha. Akkasumas, poolisii biyyaaleessaafi poolisii naamusaa, kanneen Mahsaa Aminii jedhaman to’atan irrattis aangoo qabu. Kana malees,Ayaatolaah Komaanii Garee Eegdoota Waraaqsa Isalaamaa (IRGC), kan nageenya keessootiif ittigaafatamoo ta’an fi damee tola-oltootaa kan ta’an Humna Diddaa Baasijiis ni to’atu. PirezidantiEbraahim Raa’isin qondaalaa olaanaa filatamaniifi sadarkaa aangootiin nama laafadhaa. Innis hojiiwwan guyyaa guyyaa mootummaatiif itti gaafatamadhaa. Akkasumas, imaammata keessoofi dhimmoota alaa irratti dhiibbaa olaanaa qabu. Haata’u malee, aangoonsaa, keessattuu gama dhimmoota nageenyaatiin baayyee daangeeffamaadha. Ministeera dhimma biyyaa pirezidaantiitu humna poolisii biyyaaleessaa, kan hiriirtoota irratti tarkaanfii fudhatan gaggeessa. Haata’u malee, ajajaan isaas ammoo Ayaatolah waan mudameef itti waamamni isaas kallattiin isaafiidha. Haaluma walfakkaatunis ajajaan Garee Eegdoota Warraaqsa Islaamaa fi kan Baasijii isumatti waamamu.
Kanaaf, hogganaa olaanaan mormiin humnaan akka dhaabbatu yoo barbaadan, pirezidaantichi filannoon qaban baay’ee murtaa’aadha. Akkasumas, aangoon pirezidaantii paarlaamaa kan seera haaraa tumuun madaalama. Manni-maree Egdootaa kan michuuwwan hogganaa olaanaa hammate ammoo seerawwan raggaasisuufi sagalee kennuuf aangoo qaba. Poolisiin naamusaa ykn paatirooliiwwan qajeelchaa qaama pooliisii biyyaaleessaati. Humnichis bara 2005tti akka naamusaafi seerawwan Islaamaa kabachiisaniif hundaa’e. Kunis ‘uffannaa sirrii’ kan bara 1979 Warraaqsa Islaamaatiin boda baheedha. Innis qondaaltoota dhiiraafi dubartoota 7,000'tti tilmaaman kan aangoo akeekkachiisawwan baasuu, adabbii kaa’uufi shakkamtoota hidhan qaba. Pirezidaantii Raa’isii harbeessaa kan ta’anis, dhiheenya seera hijaabaa hojiirra oolchuuf tarkaawwan haaraa hedduu baasan. Dubartoota hin haguuggatiin adda baasuuf jechas kaameeraawwan hojiirra olfamu. Namoota miidiyaa hawaasaa gubbaatti hojiirra oolmaa hijaabaa morman irratti hidhaan dirqii ni labsame. Eegdoonni Warraaqsaa waraana idileetiin addatti kan hojjataniidha. Garee Eegdoota Waraaqsa Isalaamaa Iraan keessatti nageenya eegsiisuuf dhaabbata isa mummeedha. Innis erga waraaqsa sirni Islaama bayyattii injifateen booda kan ijaarameedha. Garee Eegdoota Waraaqsa Isalaamaa amma Iraan keessatti miseensoota isaa 150,000 ol qabachuun human waraana, siyaasa fi dinagdee cimaadha. Innis humnoota lafoo kan mataasaa kan qabuufi meeshaalee waraanaa sirnaawaa kan to’atuudha. Innis garee ‘Quds Force’ jedhamu kan to’atu yoo ta’u, garichis icciitiin kan maallaqa, meeshaa waraanaa, teknoloojii fi leenjii michoota Jidduugala Bahaatiif kennuudha.
Innis garee ‘Quds Force’ jedhamu kan to’atu yoo ta’u, garichis icciitiin kan maallaqa, meeshaa waraanaa, teknoloojii fi leenjii michoota Jidduugala Bahaatiif kennuudha. Akkasumas Humna Diddaa Basij ni to’ata. Humni Diddaa Baasij kan duraan Dhaabbata Gargaarsa Warra Cunqurfamanii (Organisation for the Mobilisation of the Oppressed) jedhamuufi kan bara 1979tti akka dhaabbata loltoota tola-oltotaatti hundeeffame ture. Innis ollaa fi magaalaa Iraan hunda fi dhaabbilee biyyattii baayyee keessatti dameewwan qaba. Miseensoonni dhiiraafi dubartoota dhaabbata kanaa ‘‘Basijis’’ jedhaman, warraaqsichaaf amanamoo fi ajaja IRGD jalatti bulu. Kanneen gara 100,000 ta’anis hojiiwwan nageenyaa biyya keessoo akka hojjatan amanama. Isaanis erga waldhabdee filannoo bara 2009 asii qabee mormiiwwan farra mootummaa irratti tarkaanfii cimaa fudhachuu keessatti baay’inaan himaatan.
Dubartiin dhibee kaansariin barnoota adda kuttee turte waggaa 30 booda qormaata fudhattee darbite Yeroo ammaa dubartii umrii waggaa 47 kan taate Liiz Biraawun, umriishee ijoollummaatti sababa dhibee kaansarii barnootashee erga adda kuttee waggaa 30 booda qormaata seensa mana barnootaa sadarkaa lammaffaa (GCSE) qoramuun darbiteetti. Liiz Biraawun dhibeen kaansarii gadhiisuu baatullee isheen garuu itti cichitee mana barumsaa ijoollummaasheetti keessatti barataa turte keessatti qorumsa herregaa fi Afaan Ingilizii qoramuun qabxii mishaa argatte. Dubartiin kun shamarree waggaa 14 taatee osoo barachaa jirtuu battala tokko lafumaa ka'uu dadhabde, wayita qoratamtu kaansarii buusaa lafeetiin qabamuutu barame. Aadde Liiz Biraawun wayita weerarri koronaavaayirasii addunyaatti hammaate keessas dhibee kaansarii kan duraaniirraa adda ta'een qabamteetti. Erga qorumsa dabartee booda ''waan kaansariin narraa fudhate deebifadhe,'' jechuun gammachuu ibsatte. Aadde Biraawun osoo weerarri Covid hin eegalin dura mana barumsaatti deebi'uuf turte, kaansariin sombaa garuu ammas gufuu itti ta'e. Yeroo sana isheef dirqama kan ture somba ishee isa mirgaa irraa muruun tajaajila keemooteeraappii argachuudha. Ta'us isheen abdiin hin murre, haala kana hundaa dandeessee mana barumsaashee ganamaatti deebitee galmaa'uun qormaata qoramte. Aadde Biraawun akka jettutti, ''dhugaatti akka yeroo ijoollummaatti sammuun waa yaadatee qorumsaaf taa'uun ni ulfaata. Wantin mana barumsaa kanatti baradhe hunduu sammuu kiyya keessa jira. Garuu umurii ga'eessummaa kanatti akka yeroo ijoollummaatti waa yaadachuun ni ulfaata,'' jette.
Garuu umurii ga'eessummaa kanatti akka yeroo ijoollummaatti waa yaadachuun ni ulfaata,'' jette. Qormaata seensa barnoota sadarkaa lammaffaa fudhee darbuun anaaf waan guddadha kan jettu Aadde Biraawun, ''kun addunyaa haaraa naaf bane. Keessattuu dhibee kaansarii isa booddana na qabe booda. Deemsa kiyya fuulduraa na takaalee ture,'' jettuun amma waan yaadde argachuu dubbatte. Aadde Biraawun yeroo ammaa qorumsa herregaa fi Afaan Ingilizii qabxii gaarii fiduun darbiteetti. Jalqaba wayita dhibeen kaansarii irratti argame garuu lafa kanarra jiraachuuf waggaa shan qofa akka qabdu itti himamee ture. Haala keessa dabarte wayita ibsitu akkas jetti: ''Gadadoo, rifaatuu fi yaaddoo haga kanaa dandamadheen gara mana barumsaatti deebi'e. Ni danda'aman jedhame.'' Yeroo mana barumsaatti deebitus sammuushee guutuutti hin deebine, qaamnishees guutummaatti hin bayyananne. ''Yeroon mana barumsaatti deebi'u garuu waan sirrii fi dogoggoraa adda baasee barreessuu danda'eera,'' jette. Dubartiin kun wayita qormaatashee fudhattee xumurtu boo'ichaaf qabuu dadhaban. Waan kaansariin irraa fudhate deebifachuu himte. ''An waan kaansariin narraa saame deebifadheera. Waanti dhibeen kun nurraa fudhate waan hedduutu jira, deebifachuuf jirra,'' jechuun xiiqiidhaan dubbatti.
Haadha warraa Pireezidantii haaraa Keeniyaa Reechal Ruutoo waliin walbaraa Raacheel Ruutoo dubartii calliftuufi gad of qabduudha. Tarkaanfii ishee mara keessatti jaalala Waaqayyoof qabdu dursuun beekamti. Akkasumas, wangeelaa bakka buʼuudhaan namoota hedduuf fakkeenya taateetti. Kun akkaataa uffannaa isheefi nagaa isheen nama gaafatu irratti kan mul’atuudha. Bara bulchiinsa Uhuruu Keeniyaataa keessa pirezidantii itti-aanaa ta’uun abbaan manaa ishee Wiiliyaam Ruutoo beekamaa ta’us, lammilee Keeniyaa Aadde Raacheel waliin akka fedhantii walbaruufi walitti dhiyaachuu hin dhorkine. Uummanni carraa beekamtii abbaan manaa ishee qabuun ishee waliin erga walbaree nameenyaa dubartii kanaa hordofaa tureera. Safuu eeguufi dubartii kameettii gadi of qabdu ta’uu ishees raga ba’uufiif jalqaban. Raacheel Sadaasa 20 bara 1968 lixa Keeniyaa bakka Kakameegaa jedhamtutti dhalatte. Barnootashee sadarkaa lammaffaa mana barumsaa dubartootaa Buteeretti xumurte. Achiin booda Yunivarsiiti Keeniyaatatti Sirna Barnootaan (Education) digirii argatte. Akkasumas, Yunivarsiiti Kaatolikii Baha Afrikaarra Maasters Digirii bara 2011 argatte. Yeroo dheeraaf garuu carraa barsiistuu ta’uu hin arganne. Haata’u malee, hojii daldala tuurizimii eegalttee, Keeniyaa keessaattiifi biyyoota birootti namoota geessaa turte. Aaddee Raacheel fi Wiiliyaam Ruutoo jalqaba bara sagaltamoota keessa wal baran. Kun ammoo yeroo lamaan isaanii yunivarsitiitti barumsa turanidha. Bu’uurri jireenya isaanii wal qorachuu achitti eegalanidha. Raacheel yeroo sanatti digirii jalqabaashee Sirna Barnootaan barachaa turte. Jaalalleen ishee yeroo Sanaa, abbaan warraashee ammaa Wiiliyaam Ruutoon ammoo gosa barnootaa Saayinsii Biqiltuu Qoratu (Botanny) barachaa ture.
Raacheel fi Ruutoon bara 1991 keessa gaaʼela godhatanii jireenya waliin eegalan. Amma ijjoollee ja’a – durba sadii fi dhiira sadii qabu. Ijoollee isaanii keessaa intalli maqaan ishee Juun Ruutoo jedhamtu lammii Naajeeriyaa pirofeesara Yunivarsiitii ta’e Aleeksaandar Ezenaguu (PHD)tti eerumteetti. Kanaaf, Aadde Raacheel amma amaatii lammii Naayijeeriyaa taateetti. Aaddee Raacheel Ruutoo bara 2013 haadhaa warraa pireezidaantii itti-aanaa taate. Kun erga abbaan warrashee Wiiliyaam Ruutoo pirezidantii itti-aanaa Keeniyaa ta’un filatameeti. Ergasi mirga dubartootaaf falmuufi sochii hawaasa keessatti isaan cimsuuf humna kennaa turte. Karoorasheen dubartootaaf humna kennuuf dhaabbata ‘Joyful Women Organization’ jedhamu keessatti taasifte televijiinii Keeniyaa ‘Citizen’ jedhamu ibsee ture. Sochiinshee dubaroota hedduu deegaraa jiraachuu himeera. Pirojektiisheen eegalte kanaan, dubartoonni gariin daldala jalqabanii, maallaqa kuufatanii, akkasumas lafa bitachudhaan ofitti amanamummaa isaani kakaaseera. Investimeentii dubartootaa: ‘Table Banking’ jedhamu mijeessuun dubratoonni gareedhaan maallaqa torbanitti yookan ji’atti waliti kuufatani baankii akka geeffatan godheera. Akkanaan namni yaada daldalaa qabu baankirra liqii fudachuun jireenyasaanii jijjiruu danda’an. Kanaan dura, dubartoonni akkanuma walitti kuufatanii, garuu namni tokko torbanitti yookan ji’atti maallaqa fudhata. Sagantaa bishaan qulqulluu dubartootaaf dhiyeessuu irrattis hojjeteetti Aadde Raacheel. Boshaan: Biyyatii keessatti dubartoota naannoo garaa garaatii argaman waliin haasa’uudhaan, Raasheel dubartoonni baay’een yeroo dheeraaf bishaan barbaaduu irratti akka dabarsan hubachuun irratti hojjechuu eegalte. Kana hordofe, mootummaan waliin hojechuun sagantaa kanas hundeessite. Hojii-arkaa (hodhaa): Sagantaan kun dubartoota mana hidhaa jiran gargaaruuf hundeeffame.
Hojii-arkaa (hodhaa): Sagantaan kun dubartoota mana hidhaa jiran gargaaruuf hundeeffame. Wanti isaan hodhan gurguramee, maallaqni dubartoota kanaaf kennama yeroo bilisa ta’an. Akkasumas, indaanqoo horsiisuun, cuucota dubartoota naannoo garaa garaatti argamaniif qarshii kaffaluu danda’anitti raabsaa turte.
'Haati koo gaazexeessituu naaf taata naan jetti ture' - Atileet Gooytitoom Atileet Gooytatoom Gabirasillaasee atileetota dubartootaa yeroo ammaa beekkamtii argataa jiran keessaa tokko taatee jirti. Dorgommii shaampiyoonaa atileetiksii Adoolessa keessa Oriiganitti adeemsifameen fiigicha maaraatooniin riikardii addunyaa cabsuun injifannoo gonfateetti. Atileetiin kun Naannoo Tigraay, aanaa Indartaa ganda xiqqoo Maayi Qahaayaa keessatti dhalatte. Maatiinshee immoo qonnaan bultootadha. Fiigicha mana barumsaa keessatti jalqabde. Abjuunshee ganamaa garuu isa ammaan akka wal-hin fakkaanne dubbatti. ''Fedhiin koo gaazexeessituu tahuu ture. Waanin mana barumsaatti baradhe mana dhufeen nan dubbisaafi ture. Akka gaazexeessaatti jechuu dha. Waraqaaa mareen harkatti qabadha ture, haatikoo gaazexeessituu naaf taata naan jetti ture,’’ jetti. Maatiinshee gaazexeessitoota akka taatu fedhan illee garuu seenaa dubartii ispoortii jaalattuufi maatii taate tokkoo itti himaa guddisan. '‘Baadiyyaa keessatti dubartii kofoo gabaabduu uffatanii fiiguun akka safuu cabsuutti ilaalama ture. Mana keenya keessumaa haati koo garuu ispoortiin hojii dha jedhaniit amanu,’’ jetti. Barnootasheen cinatti ispoortii cimsitee qabachuun olaantummaa agarsiisuu jalqabde. Aanaasheerra darbitee kilabii naannoo keessatti qabamuuf yeroo itti hin fudhanne ture. '‘Dorogommiiwwan maneen barumsaatti taasisu hunda akka shaampiyoonaa guddaattin yaada ture,’’ jetti. Haala kanaan kilabii Masfin Indastiriyaal Injinariing jalatti hammatamte. Yeroo sanatti dorgommii taasifameen fiigicha meetira kuma shaniin tokkoffaa, meetira kuma kudhaniin mo’achuun kan kilaba kanatti makamte. '‘Waan bobbaate irratti mo’ataa tahuu qabda jedhee namoota amanan keessa gatiin taheef ispoortii akkan jalqabeen dafeen Masfin Injinariingii gale,’’ jetti.
Bara 2011tti shaampiyoonaa atileetiksii dargaggootaa Firaansitti adeemsifameen biyya ishee bakka bu’uun hirmaattee mo’atte. ‘’Sun dorgommii guddaa karaa naa bane ture. Takka mo’annaan immoo hamilee siif taha, achiin jabaadhee hojjechuun jalqabe,’’ jetti. Gooytitoom, haatishee fakkeenya dubartootaa kan ta’aniifi dhiibbaa aadaa dandamachuun as akka geessuuf aarsaa akka kaffalaniif dubbatti. ''Ofiishee barnoota addaan kuttee heerumatti akka galtu gatii taasifamteef. Dubartoonni baayyeen dhiibbaa maatiifi yaada hawaasani qabuun dirqamaan gaa’elatti galuun isaanii ishee dhukkubsa. Kanaaf bartee akkasii kanarrttii ni qabsoofti ture,’’ jetti. Haatisee hamma kutaa saddeetitti baratanillee yeroo ganna 13 barnoota jaalataniifi jabduu itti turan addaan kutanii heerumu isaanii Gooytitoom dubbatti. Gaa’elli yeroo malee kuni intala isaanii jalqabaarra gahee gammadduu hin turre. Kanaaf Gooyititoom waan wal-fakkaataa akka hin geenyeef maatii hunda mormaa akka turanis himti. ''Addawaayi yeroo ganna 13 akka heerumte yeroo hunda nutti himti ture. Gidiraansaa waan ishee galuufi fedhii malee waan raawwatamu dhiibbaa qabu waan beekatuuf dhiibbaa tureef hin jilbeeffattu ture. Akka mul’annuufi akka of dandeenyu haadha tattaafattu dha, anaaf isheen goota,’’ jetti. Maddi: Marsariitii Shaampiyoonaa Atileetiksii Addunyaa Atileet Gooytitoom yeroo ammaa maaraatoonii dubartootaan rekardii addunyaa qabatee kan jiru ishee dha. Shaampiyoonaa atileetiksii waggaa dhufu adeemsifamu irratti immoo kallattiin hirmaatti. Atileetii kana dhuunfaafi gareedhaan kan leenjisan leenjistoota sadii dha. Fiigichi tattaaffii gaafata kana jettu Gooyititoom hojii ulfaataafi of eeggannoo gaafatu dha jetti.
Fiigichi tattaaffii gaafata kana jettu Gooyititoom hojii ulfaataafi of eeggannoo gaafatu dha jetti. ''Miila qofa osoo hin taane sammuunis wajjin fiiga. Qaamniifi sammuun yoo wal hin dubbisne bu’aa qabeessa hin taatu. Akka kaayyootti yoo qabatte immoo salphaatti jireenya kee waan geeddaruu danda’u dha,’’ jetti. ''Achi gahuuf garuu ni qoramta takka takka immoo bagan atileetii tahe ofiin jetta. Yeroo kaan immoo wagga guutuu shaakalaa baatee yeroo qabxii hin finne abdi kutatta,'' jetti. Namni qormaata keessa darbuu qaba jettee amanti. ''yeroo abdii kutattuu kan of hadheessitu yoo taheefi yeroo qabxii gaarii argattu immoo kan boodatti jettu yoo taheef rakkisaa dha. Kanaaf fiigichi hojii of eeggannoo gaafatu dha,’’ jetti. Dorgommii Oriigaanitti qabxii addaa fiduuf akka kaayyeeffatte kan himtu atileetiin kuni, haala Tigraay keessa jiruun maatiishee argachuu dhabuun dhiibbaa irratti taasisus, ''waggaan kuni kan kooti jedheen yaada ture, qabxii gaarii fiduufis hojjechaan ture,’’ jetti. ''Waan hunda kan mo’achuu dandeessu hojii keetiini, bor wal-arguun keenya hin hafu. Ani jireenya fooyya’aa qabadhee yoon ture maatii koos baraaruu nan danda’a. Sammuun koo miidhame rakkoo biraa fiduu hin barbaadu. Kanaafin gufuu akka natti hin taanef xiyyeeffannoon koo hojii koo irratti kan ture.’’
Ilmi Joo Baayidan dubartoota hedduu wajjin ejjuu dabalatee waan sadiin himatame Ilmi Pirezidant Joo Baayidan, Haantar Baayidan, aangoo maatii isaatti fayyadamuun fayidaa argatus araada cimaa ittiin rakkachaa jirutti akka qisaasaa akka jiru haati manaa isaa duraanii ibsite. Filannoo pirezidaantummaa yeroo darbeerratti warri Rippaabilikaanotaa isa irratti xiyyeeffachuu isaanii irraa kan ka’e, Hantar Baayidan yakka gibira waliin dhahuutiin qorannoon irratti gaggeeffamaa ture. Pirezidaantin duraanii US Donaald Tiraamp fi michoonni isaa ilmi Baayidan biyyoota akka Chaayinaa fi Yukireen keessatti biizinasii isaa malaammaltummaadhan hojjata jechuun himataa turan. Ilmi Baayidan waan isa gaabbisiisu akka hojjate amanus, innii fi abbaan isaa Baayidan waan yakkaan nama gaafachiisu garuu homaa hin goone jechuun waakkatan. Haantar gaheessa waggaa 52 yoo ta’u, abbaan isaa pirezidaant Baayidan akka isatti boonan yeroo hunda ni dubbatu. Haantar Baayidan qoricha sammuu adoochu, kookeenii jedhamu fudhachuu kan eegale barataa kolleejjii yeroo turetti. wallaansaaf wiirtuu araada irraa bayyanachuus galee bahaa ture. Bara 2013 tti Waraana Galaaana irraa US tiif leenji’ee abbaa isaa fuulduratti waadaa seene. Buufata waraana galaana irraa seenee guyyaa jalqabaatti araada kookeenii akka qabu qoratamee irratti barame. Gaafuma sanas ari’ame. Boodarra tarkaanfii fudhatametti akka gadde dubbatee ture. New York akka gabaasetti, erga obboleessi isaa angafni bara 2015 tti du’ee booda araada dhugaatii alkoolii voodkatiin akka malee rakkata ture. Bara 2017 yeroo itti haadha manaa isaa duraanii Bahilee waliin wal hiikan sana Haantar, “fedhii dhuunfaa isaa kanneen akka qoricha sammuu adoochuu, alkoolii, kilabii, dhugaatiifi dubartoota wajjin saal-qunnamtii raawwachuurratti baasii guddaa baasa, maatii isaatiif garuu homaa hin godhu,” jechuun himattee turte.
Baahileen gaa’ela waggaa 24’f Haantar Baayidan wajjin jiraatan ilaalchisee araada qoricha sammuu adoochuufi alkoolitiin akka rakkatu torban kana dubbattee jirti. Hantar Baayidan bara 2021 seenaa ofii isaa barreesse keessatti haadha manaa isaa Baahilee dhoksee eejjaa turuun isaa gaa’ela isaatti gufuu akka ta’e amaneera. Bara 2019 tti ammoo qorannoo DNA taasifameen shubbistuu Landen Aleeks jedhamtu irraa mucaa akka godhate bira gahameera. Shubbistuu kana wajjin qunnamtii qabaachuu isaa waanan yaadadhu hin qabu jedhee waakkatus mucaa Landen Aleeks deessef manni murtii abbaa ta’uu isaa waan itti murteessef kaffaltiin mucaadhaf waan maluu kaffalaa jira. Haadha manaa isaa Bahilee wajjin osoo gargar hin bahin duras haadha manaa obboleessi isaa irraa du’e, Halii Baayidan jedhamtu waliinis waggaa lamaaf saal-qunnamtii gaggeessaa akka ture Niwuyoork Taayimsitti himee ture. Sana booda ammoo dubartii lammii Afrikaa Kibbaa fiilmii hojjattu tokko irraa mucaa dhiiraa tokko argate. Pirezidaantin duraanii US Tiraamp fi paartin Rippaabilikaanii, daldaalli biyya alaa ilma Pirezidaant Baayidan malaammaltummaadhan gaafatamuu qaba jedhanii falmaa turan. Bara 2013-2016 tti Haantar Baayidan dhaabbata daldaalaa Chaayinaa BHR Paartinars jedhamu keessatti kaffaltii malee miseensa boordii erga ta’een booda dhuma irratti fandii dhaabbatichaa keessaa dhibbeentaa 10 akka argate dubbatamee ture. Joo Baayidan, “Chaayinaadhaf ergama” jedhee Tiraamp yeroo isaa hadheessaa turetti akka ragaatti waa’ee qabeenya ilma isaatii kana fayyadamaa ture. Bara 2017 tti Baayidan Waayit Haawus gadhiisee erga baheen booda ilmi isaa Haantar Baayidan abbaa qabeenyaa beekamaa lammii Chaayinaa Yee Jiyaanming jedhamu wajjin gaazii uumamaa irratti walii galtee daldaalaa eeegalan.
Bara 2017 tti Baayidan Waayit Haawus gadhiisee erga baheen booda ilmi isaa Haantar Baayidan abbaa qabeenyaa beekamaa lammii Chaayinaa Yee Jiyaanming jedhamu wajjin gaazii uumamaa irratti walii galtee daldaalaa eeegalan. Yee Jiingming malaammaltummaan shakkamee erga hidhameen booda walii galteen isaanii addaan cite. Bara 2014 tti ilmi Baayidan Yukireen keessatti dhaabbata gaazii uumamaa irratti hojjatu Burisma Holdings jedhamutti erga dabalameen booda ji’atti doolaara 50,000 akka argataa ture jedhama. Yeroo sanatti Joo Baayidan yaalii Yukreen malaammaltummaa hambisuuf gootu deeggaraa turan. Itti milkaa’unis qorataa yakkaa Olaanaa Yukreen kan ture Viktor Shookin bara 2016 tti akka ari’amu ta’e. Tiraamp fi michoonni isaa ammoo Viktor Skookin kan ari’ame dhaabbata ilma Baayidan wajjin qunnamtii qabu Burismaa irratti qorannoo waan gaggeessef hari’ame jedhanii falmuu eegalan. Kuni ammoo bara 2019 tti himanni Tiraam aangoo irraa buusuu akka banamu taasise. Ilmi Joo Baayidanis miseensummaa boordii dhaabbata Bursima Hooldings gadi lakkise. NBC News akka gabaasetti bara 2013 hanga 2018 tti, dhaabbileen daldaalaa Haantar Baayidan Chaayinaa fi Yukreen irraa doolara miliyeena 11 argamsiisera. Akka gabaasa kanaatti Haantar Baayidan kaffaltii hoteela beekamaa, konkolaatawwan ispoortii bebbeekamoo fi baasiwwan birootif ji’atti doolaara 200,000 baasa. Qorattoonni federaalaa yeroo ammaa baasiwwan ilmi Baayidan baase fi qunnamtii daldaalaa inni biyya alaatii qabu qorataa jiru. “Dhibaan dhibbatti ofitti amaneen dubbadha, dhuma qorannoo kanaatti yakka homaatuu akkan hin goonetu mirkanaa’a,” jechuun CBC NEWS tti dubbate.
Shamarran Chibook: Intalli Booko Haraamiin butamtee booda jalaa baate tun maaliif akka addaatti ilaalamte? Xalayaa walitti fufinsaan dhiyaatu gaazexeessitoota Afrikaa irraa nuuf ergaman miillana kan gaazexeessituufi barreessituun Naayijeeriyaa Tiriishiyaan Niwahubaanii shamarran Chibook keessaa tokko waliin turtii taasifte isiniif dhiyeessina. Shammarran Chibook erga butamanii waggaa saddeet guutuuf jiran keessaa shamarree gaazexeessituun kun dubbiste, kanneen daree keessaa waliin butamanii deebi'an keessaa haala adda ta'een maaliif akka ilaalamte ilaalchisuun itti himte. Tirishiyaanis akkas barreessite. Haasaanaa Adaamuu erga hidhattoota Booko Haaraamiin mana barnootaa kaaba-bahaa magaalaa Chibook, Naajeeriyaa keessaa butamteen booda gara waggaa saddeetiin booda gadhiifamte. Bilisa bahuun gara maatiisheetti deebii'uuf baayyee gammaddulleen, garuu akka shammarran dareeshee butamanii turanii gadi dhiifamanii kaaniitti kunuunsa addaa waan hin kennamneef itti dhagahmuu himti. ''Mootummaan wantoota gaariidhan akka na gargaaruun barbaada. Barnootatti deebii'ee jireenya fooyya'aa jiraachuun barbaada,'' jetti. Shamarree waggaa 18 kan taate Adaamuun, shamarran biroo 200 ta'an waliin Ebla 14, 2014 halkan mana barnootaa keessaa butaman keessaa tokkodha. Isheefii shamarran biroo lama Amajjii keessa gadhiifamuun maatiisaaniitti makaman. Walumaagalattis shamarran hanga ammaatti gadhiifaman 100 ol ta'u. Bara 2016 fi 2018 jidduutti shamarran Chibook sadii Bosona Saambisaa bakka Booko Haaraam itti dahatu keessaa waraana Naayijeeriyaatiin baraaraman. Kanneen 103 ammoo marii mootummaa Naaijeeriyaafi milishoota jidduutti taasifameen gadhiifaman. Gadhiifamun isaanis miidiyaaleefi hawaasa idil-addunyaa biratti mata-duree ijoo ta'ee ture.
Pirezidaantiin Naayijeeriyaa Muhaammaduu Buhaariis, bulchaa magaalaafi qoondaaltoota mootummaa olaanoo waliin akka magaalaa guddoo biyyattii, Abujaa deemuun isaan arganiif affeeraaman. Baatiiwwan muraasa itti aananiifis shamarran kunneen mana bulmaataa ministeera dhimmoota dubartootaa kan Abujaa keessa tursiifaman. Achittis sagantaa bayyanachuu, wallaansa fayyaafi kunuunsa qor-qalbii dabalatu motummaan kanfalamee argataa turan. Guyyaatti al sadii nyaanni dhiyaachaaf uffatalleen bilisaan argatan. Akkasumas, laabtoppiifi bilbilli kennameef ture. Keessummoota idil-addunyaa kan akka Maalaalaa Yuusaafzaayi, lammii Paakistaaniifi badhaafamtuu Noobeelii, kan bara 2012tti gara barnootaa deemusheetiif milishoota Taalibaaniin mataarra dhahamtee turteen fa'i doowwatamanii ture. Isaan boodas, Yunivarsitii Ameerikaa Naayijeeriyaa (AUN)tti kan Yaaloo kaaba-baha Naayijeeriyaatti sagantaa addaa qophaa'eef akka barataniif ergaman. Sagantichi gutummaan kan kanfaltii hin qabneedha. Waggaa afuriin boodalleen shamarran Chibook AUN'tti hafuu barbaadaniin mootummaan ammalleen deegarsa taasisaa jira. 'Sababiin heerumeefii laata?' "Shamarran mana barnootaa jiranidha attamiin mootummaan isaan kunuunsaa akka jiru kan natti himan,'' jetti Adaamun. Isheenis erga gadhiifamteen booda hirriyootashee duraanii waliin bilbilaan wal agarti. ''Osoo mana barnootaatti hin ergamiin dura Abujaa turuulleen natti himaniiru.'' ''Kun sababii nuti duubatti hafneefimmoo waan heerumneef laata? Tarii sababiiwwan kanaaf mootummaan nu hin kunuunsine ta'a,'' jetti. Adaamuun waggaa lama dura yeroo bakka bakka butamte jirtutti loltuu milishaa Booko Haaraam tokkotti heerumte. Shamarran baayyeenis lakkii jechuun filmaanni qaban baayyee xiqqaa ture.
Abbaan manaa ishees opareeshinii cimaa irratti gaggeeffame hordofuun milishoota garichaa bara darbe mootummaatti harka kennatan keessaa tokko. Waraanni Naayijeeriyaas milishoonni garichaa 7,000 ta'a toban Guraandhalaa tokko qofaatti harka kennuu hime. Adaamuufi 'abbaan warraashee' gara baatii shaniif magaalaa Bornoo, Maadidugirii keessa tursiifaman. Isaan booda ammoo isheefi ijoolleen ishee lamaan gara warrashee, Chibookitti ergaman. Namtichi ammoo gara maatiisaa kan kaaba-baha daangaa magaalaa Baankiitti ergame. ''Innis gaa'ela dhugaa hin turre. Ofiifi ijoollee kiyyaaf jireenya fooyya'aan barbaada. Gonkumaa gara isaatti hin deebii'u,'' jetti. Akkasumas, shamarran Chibook lama kan biroo, Ruut Nigaalaadaar fi Haalimaa Aliis abbaa warraa isaaniin adda bahaniiru. ''Ijoollee waliin gadhiisifamanii harka qullaa gara manaa ergaman,'' jedhu Yaakubuu Nikekii dura taa'aan waldaa maatiiwwan shamaran badanii. ''Shamarran sadan kunneen baayyee rakkataa jiru.'' Mootummaan shamaran Chibook gargaaruu dhiisuu jechuun, isaan ammalleen hafan 109 tarii osoo baqachuu danda'anii gonkumaa maatiitti hin deebii'an sodaa jedhu qabaachuu himu Mr Nkekiin. Ministirri Dhimmoota Dubartootaa, Daamee Paahulinee Taaleen, Pirezidaant Buhaariin shamarran Chibook booda keessa baraaraman dubbisuuf yeroo akka hin argannee natti himan. Yoo carraan argame garuu gammachuun ni raawwatu jedhan. Barattoonni hataman muraasni maatiisaanii quunnamuun kaampii mootummaa keessa jiraachuu himan. Kaan ammoo magaaloota fagoo irraa maatiisaaniif bilbilaniiru. Odeeffannoowwan akkasii kunatu kana dura mootummaan akka isaan barbaadee addunyaatti isaan mul'isu taasise ta'uu mala. "Shamarran shan ta'an bosona Saambisaa keessaa maatiif bilbilaa jiru.
"Shamarran shan ta'an bosona Saambisaa keessaa maatiif bilbilaa jiru. Isaanis gubbaa gaara Giwozaa irra akka jiran himan,'' jedhu Mr Nkekiin. ''Shan kan ta'an ammoo bulchiinsa mootummaa waliin jiru. Shamarran nuuf bilbilaa jiru. Shamarreen tokkoos osoo walgahii irra jirruu abbaaf bilbiltee, innis waan isheen jettu akka dhageenyuuf sagalee guddiftuu irra nuuf kaa'ee ture. Ishaanis shamarran Chibook ta'uu mootummaan beekuu isaa hin beeku.'' Buttaan manneen barnootaa dabaluu Mootummaan waa'ee bakka jalqaba irraa butamanii hubachuun garaagarummaa hangasii kan fidu hin se'u. Shamarran Chibook takkaa balaafamtoota naasiisaafi hin baramneef saaxilamtoota ta'aniiru. Isaanis mana barnootaasaatii gamoo afur keessaa hataman. Garuu waggoottan lamaan darban keessa, Naayijeeriyaan mudannoo hidhattootaan mana barnootaa namoota butuun maallaqa gaafatan hedduu keessumessite jirti. Akka dhaabbata tikaa Naayijeeriyaa (SBM)tti, kaaba Naayijeeyityaatti baatii Guraandhala 2020- Fulbaana 2021 jidduutti baatiiwwan 19 keessaatti, yoo xinnaate baratoonni 1,409 mana barnootaa isaanitii butamaniiru. Gadhiisisuuf ammoo yoo xinnaate Naayiraa miiliyoonni 220 ykn doolarri kuma 530 kanfalameera. Mootummaan Naayijeeriyaa shamarran Chibook gadhiisiisuuf doolaaraa miiliyoona 3.3 garee Booko Haaraamiif kenfaluun kan himamu yoo ta'u, taatee dhiheenya keessa manneen barnootaa keessaa butuu keessatti garuu hirmaannaan mootummaa gadaanaa ture. Kanaaf, maallaqa qaamoolee barattoota butaniin gadhiisuuf gaafataman kanfaluun maatiifi firoottan qofaan raawwatamee ture.
Guyyaa Dubartootaa Idil-addunyaa: Afrikaaf hiika akkamii qaba? UN waggaa waggaan Bitootessi 8 Guyyaa Dubartootaa Idil-addunyaa ta'ee akka kabajamu murteesseera, guyyaa kanarratti mirgi dubartootaa ifaajee guddaadhaan argame ni leellifama. Akkasumas ammallee qoollifannaa koorniyaan walqabatu hambisuuf hojiin guddaan akka hafu guyyaa itti ibsamuudha. Guyyaan kun bara kana mata duree "Amma walqixxummaa koorniyaa mirkaneessuun bu'uura egeree itti fufaati'' jedhuun kabajama jedhe Dhaabbanni Biyyoota Gamtoomanii (UN). Jaarmiyaa dhimma dubartootaa UN Women jedhamutti Daarektara Bahaa fi Kibba Afrikaa kan ta'an Dr Maxime Houinato, ''hojii rakkoo jijjiirama qilleensaa fi balaa uumamaa ittisuuf hojjetamu keessatti walqixxummaa koorniyaa mirkaneessuun qormaata addunyaa jaarraa 21ffaati, jechuun BBCtti dubbatan. "Dubartoonnii fi shamarran jijjiirama qilleensaa akkaan miidhamu,'' jedhan. Akka qorannoo UN'tti balaa uumamaan kan baayyinaan du'an dubartootaa fi shamarrani. "Fakkeenyaaf balaa lolaa bara 2014 Odola Solomoon mudateen namoota du'an keessaa dhibeentaan 95 dubartoota. Balaa kirkira lafaa bara 2015 Neeppaal mudateen namoota du'an keessaa dubartoonni dhibbeentaa 55. ''Bubbee hamaa Cyclone Idai, bara 2019 Maalaawwii keessaa namoota buqqiseen dhibbeentaan 59 dubartoota,'' jechuun Un Women marsariitii isaarratti baase. Balaan haala qilleensaa waliin walqabatu rakkoolee hawaas-diinagdee hamaa hedduu uumeera. "Fakkeenyaaf Yugaandaa keessatti horiin dhumuun, oomishi baduu fi hanqinni nyaataa mudachuun gogiinsa mudaterraa kan maddeedha. ''Kanarratti dabalataan weerarri hawaannisaa ammoo maatiin homaa harkaa dhabanii ijoolleen akka mana barnootaa adda kutan godheera.
Keessattuu shamarran wayita manatti deebi'an hojii humnaa ajajamu, akkasumas umriinsaanii osoo hin ga'in dirqamaan heerumu. ''Shamarran dhiiraaf kennamanii soorataan geeddaramu,'' jedha barreeffamani miidiyaan dhimma misoomaa gabaasuun beekamu, Inter Press Service, maxxanse. Guyyaan Dubartootaa Idil-addunyaa maddi isaa sochii hojjettootaa bara 1908'ti. Boodarra bara 1975 waggaan waggaan akka kabajamu UN murteesse. Bara 1908 dubartoonni 15,000 caalan magaalaa Niiw Yoork keessatti hiriira ba'uun guyyaatti sa'atiin hojiirratti dabarsan akka gabaabbatu, kaffaltiin akka fooyya'uu fi mirgi filachuusaanii akka eegamuuf gaafachuu eegalan. Paartiin Sooshaalistii Ameerikaa isaan hiriira ba'anii waggaa tokko booda Guyyaa Dubartootaa Idil-addunyaa labse. Guyyaan dubartootaa akka addunyaatti beekamtii argatee akka kabajamuuf lammiin Jarmanii kan dhimma dubartiirratti xiyyeeffachuun hojjettu Kilaaraa Zetkiin lafee dugdaati. Zetkin bara 1910 Yaa'ii dhimma dubartootaa Idiladdunyaa Denmaark, Koppenhagenitti taa'amerratti biyyoota 17 irraa dubartoota 100 waahila qabsoo ishee ta'an aragatte. Yaa'iin kun waggaa itti aanurraa eegalee Guyyaan Dubartootaa Idil-addunyaa kabajamuu akka qabu yaada Zetkin dhiyeessite sagalee guutuun raggaasise. Wayita kana guyyaa kanarra kabajama yaadi jedhu hin turre, garuu waggaatti kabajuu qofarratti waliigalame. Guyyaan kun kan seera qabate mormii dubartootaa bara 1917 Raashiyaatti gaggeeffameen booda. Mormiin dubartootaa kun guyyoota afuriif kan ture yoo ta'u, gaaffii ''daabboo fi nageenya'' jedhu gaafatan. Mormii kanaan mootiin Tsar Nikolaas jedhamu aangoorraa erga buufaman booda, mootummaan ce'umsaa dubartootaaf mirga filachuu mirkaneesseef.
Mormii kanaan mootiin Tsar Nikolaas jedhamu aangoorraa erga buufaman booda, mootummaan ce'umsaa dubartootaaf mirga filachuu mirkaneesseef. Guyyaan dubartoonni mormii eegalan akka lakkoofsa Raashiyaa yeroo sana hojiirra oolaa tureetti Guraandhala 23 ture. Guyyaan kun akka lakkoofsa girigooriyaanitti Bitootessa 8 irra oola. Guyyaan dubartootaa har'a Bitootessa 8 kabajamus achirraa madde. Guyyaan kun Afrikaa keessaa Eertiraa dabalatee biyyoota torba keessatti kabajama. Eertiraa keessatti ga'ee dubartoonni fi shamarran waraana keessatti gumaachan, darbees walabummaa biyyaaf oolantu guyyaa kana yaadatama. Biyyoonni Afrikaa kaan guyyaan kun akka biyyaalessaatti keessatti yaadatamu Angoolaa, Burkina Faasoo, Giinii Bisaawoo, Seeraa Liyoon, Yugaandaa fi Zaambiyaadha. Madagaaskaar keessatti dubartoonni qofaan akka kabajaniif labsame. Biyyoonni Afrikaa kaan guyyaa dubartootaa mataasaanii qabu, Afrikaan Kibbaa Hagayya 9 irra kabajji. Guyyaan kun yaadannoo guyyaa dubartoonni 20,000 ta'an bara 1956 hiriira ba'uun bulchiinsa gosaan nama qoodu mormaniidha. Dabalataan Gamtaan Afrikaas Adoolessa 31 Guyyaa Dubartootaa Idil-addunyaa jechuun labsee jira.
Dubartiin ulfi biyyi ishee Niwuu Ziilaand karra itti cufatte Taalibaanirraa gargaarsa argatte Charlootee Beliis jedhamti. Lammii Niiwu Ziilaand, Afgaan keessatti gabaastuu taatee hojjettudha. Ulfa waan taateef gara biyya ishee Niiwu Ziilaand deemtee achitti da'uuf garas imaluu feetus sababa dhorkaa COVID kaa'ameen hin dandeenye. Erga gara biyya isheetti akka balali'uu hin dandeenye bartees gargaarsaaf gara Taalibaanitti deebite. Kun ammoo Niiwu Ziilaand irratti qeequmsa kan uume yoo ta'u, biyyattiin garuu 'ejjennoon fudhadhe sirriidha' jechuun ibsiteetti. Ministirri Dhimma Ittisa Covid-19 Kiriis Hipkiins dhimma kana ilaalchisuun akkas jedhan: Namoonni akka Chaarlotee Biliis kana "haala addaa keessa jiraniif" bakki tokko jiraaf. Wanti dubartii ulfaa kana mudate tarkaanfii cimaa daangaa irratti Niiwu Ziiland koronaavaayirasii ittisuudhaaf fudhatte irratti gaaffii kaaseera. Namoonni kaan ammoo dubartiin kun hariiroofi simannaa addaa Taalibaan irraa argattetu jira jechuun kaasu. Kanaan dura Taalibaan hidhuun, gidirsuuniifi warreen rogeeyyiifi falmitoota ta'an ajjeesuun mirgoota dubartootaa haala hamaa ta'een sarbuun qeeqama. Gaazexaa Niiwu Ziiland Heerlaad irratti, akka barreessiteetti Aadde Chaarootee Beliis torban darbe mootummaan Niiwu Ziilaand gaaffii isheen biyyatti galtee da'uuf diyeeffatte naaf fudhachuu dide jetti. Yeroo ammaa Weelington (magaalaa guddoo Niiwu Ziilaand) lammileen isheefi warra dhaabbataadhaan biyyattii keessa jiraatu akka seenan ni hayyamti garuu guyyoota 10f hoteela keessatti adda of baasanii turuu qabu. Lammileen Niiwu Ziiland baayyeen biyya isaaniitti galuu barbaadanis, fedhiin bakkawwan itti adda of baasanii turanii guddaa jiru waliin muraasti qofti waan jiruuf hala ittiin gara biyya isaaniitti galan dhabaniiru.
Chaarlooteen muuxannoo akkamitti akka warri Talibaan haala gaariin ishee kunuunsan haala yeroo biyya ishee galuufjettu ishee mudate walbira qabee madaalte. Warra Taalibaan keessaa tokko dubbisuudhaan akka dubartii osoo hin eerumiin ulfa taate beekanii Afgaanistaan keessatti 'na simachuu danda'uu' kan jedhu gaafatte. Aadde Chaarlooteefi jaalalleen ishee kan lammummaan isaa Beeljiyeem ta'eefi ogummaan isaa ammoo gaazexeessaa surraa ta'e waliin bara darbe yeroo loltoonni US ba'an Afgaanistaan keessaa gabaasaa turan. Isheefi jaalalleen ishee viizaa Afgaanistaan qofa waan qaaniif biyya isaaniirraa kan hafe gara biyya birootti imaluu hin danda'an. "Dhufuu ni dandeessa, rakkoo hin qabu. Namootatti eerumeera jedhii itti himi; ta'uu baannaan yeroo dubbiin hammaatu nuuf bilbili," jedhe jechuun aanga'aan Taalibaan maqaan isaa hin dha'amiin gaaffisheetiif deebii itti kenne himti. "Yeroo Taalibaan ubartii ulfa, hin eerumneef bakka baqaa ta'u, haalli kee akka hin taane ta'uu isaa hubatta," jechun barreessite. Dubartoota Afgaanistaan keessa jiran hin eerumne garuu ulfa ta'aniif maaltu akka ta'u ifa miti. Haata'u malee, haadhotiin kofaleeyyii ykn abbaa manaa hin qabne daa'imman isaanii akka dhiisaniifi mirgi guddisuu isaanii yaaddoo keessa akka galuu danda'u aanga'oota Taalibaaniin sodaachifamu, dhiibbaanis irra gaha. Xalayaan Chaarlootee erga gaazexaarratti baheen booda, aanga'oonni Niiwu Ziilaand ulaagaa ittiin bakka adda of baasanii turanii, keessumaa dubartoota ulfaatiif akka sirreessaniif waamichi dhiyaataa jira. Ministirri Dhimma Ittisa Covid-19 Kiriis Hipkiins garuu tarkaafii seeraa fudhatan sirrii akka ta'e himuun, "tarkaanfiin fudhatame "Niiwu Zilaandiin haala ajaa'ibaafi adda ta'een oolcheera, lubbuuwan baraareera , akkasumas namoonni wallaansaaf gara hospitaalaa dhufan gara malee hedummaatee sirni fayyaa keessaa akka humna isaatii ol hin taane godheera," jedhan.
Ministirri Dhimma Ittisa Covid-19 Kiriis Hipkiins garuu tarkaafii seeraa fudhatan sirrii akka ta'e himuun, "tarkaanfiin fudhatame "Niiwu Zilaandiin haala ajaa'ibaafi adda ta'een oolcheera, lubbuuwan baraareera , akkasumas namoonni wallaansaaf gara hospitaalaa dhufan gara malee hedummaatee sirni fayyaa keessaa akka humna isaatii ol hin taane godheera," jedhan. Haata'u malee, Aadde Chaarloote Beliis ramaddii addaa yeroo atattamaatiin viizaaf akka iyyattuuf hafeeramteetti jedhan. Kana malees, erga dhimma isheen waliin rakkattu ifatti baheen booda biyya maqaan hin dha'amiin tokkorraa kolu-galtummaan dhiyaateeraaf. Haata'u malee, seenaan ishee kun taajjabdoota, rogeeyyota mirgootaafi Agaanistaanota mataa isaaniirraayyu qeequmsa hordofsiiseera. "Seenaan kun itti fufinsa akkamitti akka warri Afgaanistaan hin taane Afgaanistaanota caalaa Taalibaaniin itti kunuunfamanidha," jechuun gaazexeessaan lammii Awustiriyaan-Afgaanistaan ta'e Emraan Ferooz tiwiit tolche. "Gaazexeessitoonni Afgaanistaan hin taane baayyinaan yeroo sodaachifaman, reebaman, hiraarfamaniif ajjeefaman warri Afgaanistaan hin taane garuu ilaalchi addaa isaaniif taasifameetu simatamu, akkasumallee gama hundaan qananummaan qabamu," jedha itti dabaluun. Dhiyeenyuma kanallee, dubartoota rogeeyyii mirgootaaf falman erga manni isaanii marfamee to'annoo jala oolfaman hanga ammaatti eessa akka jiran hin beekamne Taalibaan akka gadi dhiisuuf waamichi taasifamaa tureera.
Ergaa Tiwiitara irratti barreessaniin ministeerri barnootaa paartii 'Conservative' keessaatti,''jibba Islaamaa ykn sanyummaa gosa kamiifuu iddoo hin qabnu,'' kanaaf himannaan kuni sirnaan qoratamee adda bahuu qaba jedhan.
Hodaa Mutaanaa: Misoroonni IS gara Ameerikaa deebi'uuf ol iyyata dhiyeeffate fudhatama dhabe Manni Murtii Waliigalaa Ameerikaa ol iyyata dubartiin lammii biyyattii garee Islaamik Isteet (IS) jedhamutti makamtee turte gara biyyaatti deebi'uuf dhiyeeffatte fudhatama dhabsiise. Dubartiin Hodaa Mutaanaa jedhamtu tun kan guddattee Ameerikaa bulchiinsa Alaabaamaa kan Kibba Baha biyyattiitti argamu keessatti ture. Garee IStti makamuuf gara Sooriyaa kan imalte ammoo bara 2014 keessa ture. Mutaanaan wayita biyyaa baate sanatti qondaaltonni biyyattii lammii Ameerikaa akka hin qabaanne murteessuun paasiportii ishee haqanii ture. Hodaanaan wayita ammaa kanatti dubartii umurii waggaa 27ti. Abbaan ishee gara bara 2019 keessa murtee dhorkaa mana murtii Federaalaa intalli isaanii gara Ameerikaa akka hinseeneef kaa'ame irratti ol iyyannoo dhiyeessanii turan. Haata'u malee, dhaddachi mana murtii waliigalaa guyyaa Roobii dhimmicharratti osoo yaada omaatuu hin kenniin ol iyyannoo abbaan ishee gaafatan kufiseera. Intala dippilomaatii Yaman kan taatee Mutaanaan, kan dhalatte Ameerikaatti ta'ulleen haala seera federaalaa Ameerikaatti ijoollee dippilomaatotaa achitti dhalataniif battalatti lamummaan hin kennamuuf. Abbaan ishee Ahimad Alii garuu himannaa isaanii irratti maatiisaaniif aangoon dippilomaatummaa kan kenname osoo intallisaanii Mutaanaan hin dhalatiin dura akka ta'eefi kun lammii biyyattii akka ishee taasisu himan. Itti dabalunis Obbo Ahimad Mutaanaan kana dura Waajjira Dhimma Alaa Ameerikaatiin beekkamtiin lammummaa kennameefiin bara 2004tti paasportii argattee jirti jedhan. Hedduun dhimma Mutaanaa intala Yunaayiti Kingdamii keessatti dhalachuun IStti makamusheetiin lammummaan Inglizii irraa mulqame Shaamiimaa Beegam waliin wal madaalchisan. Mutaanaan bara 2019tti ibsa CNNf kenniteen, Ameerikaa bahuun gara Sooriyaa wayita imaltu, ''muuxannoo omaa kan hin qabne, shamarree dheekkamtuufi of tuultu'' akka turte himte jirti.
Mutaanaan bara 2019tti ibsa CNNf kenniteen, Ameerikaa bahuun gara Sooriyaa wayita imaltu, ''muuxannoo omaa kan hin qabne, shamarree dheekkamtuufi of tuultu'' akka turte himte jirti. Maallaqa imala isheetiif ta'u argachuuf osoo maatiinshee hin beekiin barnoota koolleejii ishee adda kutuun maallaqa kennameef gara Tarkii imaluuf tikeettii akka ittiin kutte miidiyaa Ameerikaatti himtee turte. Mutaanaan wayita IS sana waliin turteettis miidiyaa hawaasaa irratti haleellaawwan shororkessummaa kan dinqisiifataa turte yoo ta'u, lammiilee Ameerikaa kaanis IStti akka makamaniif kakaasaa turte. Barreeffama toora tiwiitarii isheerratti maxxansiteefi New York Times argateen, ''lammiilee Awustiraaliyaafi Ingiliizii baayyeen asi jiru. Garuu Amerikaanoonni eessa jirtu? Isin dabeeyyiin ka'aa!'' jettee turte. Mutaakaan yeroo sanaa kaasee IStti makamuusheetiif baayyee gaabbuu ibsuun, barreeffamma garicha jajjabeessuuf miidiyaa hawaasaa isheerratti barreessiteef dhiifama gaaffattee jirti. Ammaan tanas Mutaanaan nama wayita garee sana waliin jirtutti wal barte tokko irraa mucaa godhattee qabdi. Abbaan daa'imaas du'eera. Isheenis amma eessa akka jirtu ifa miti.
Bara 2018 Kibba Kaarolaayinaatti namni tokko doolaara biliyoona 1.6 injifachuun rikoordii olaanaa galmeessee ture.
Haati seeraa US mirga ulfa baasuuf falmaa turte duute Ulfa baasuun seera qabeessa ta'uu qaba jechuun mana murtii waliigalaa US'tti falmitee bara 1973 kan mo'atte ogeettiin seeraa Teeksas Sarah Weddington, umriishee waggaa 76'tti du'aan addunyaa kanarraa boqotte. Barattuu fi waahila hojii ishee kan taate Susan Hays, dubartiin kun ''dhukkubbii yeroo dheeraaf deddeebiin isheerra tureen booda'' Dilbata kaleessaa lubbuun darbuu himte. Adeemsi falmii mana murtii waliigalaa US kun Roe v Wade jedhamuun beekama. Sagalee deggarsaa torbaa fi sagalee mormii lamaan kan darbe seerri kun, bu'uura kanaan mootummaan biyyattii ulfa baasuu dhorkuu hin danda'u. Sarah Weddington Teeksas keessatti mana maree bakka bu'oota uummataa keessatti marsaa sadiif hojjatteetti. Bara bulchiinsa Pireezidantii duraanii Jiimii Kaaratar ammoo gorsituu dhimma dubartootaa ta'uun tajaajilteetti. Duuti Weddington wayita manni murtii seera ulfa baasuun torbanoota 15 booda akka raawwanne dhorku fudhachuuf akeekaa jirutti dhagahame. Akka dhimma manni murtii qabatee jiruu kanaatti ulfi tokko, yoo gudeeddiidhaan ta'ellee, torbanoota 15 geenyaan baasuun seeraan ala. Murteen Waxabajjii dhufu darbuuf jedhu kun dubartoonni hedduun carraa ulfa baasuu akka dhaban godha. Rogeeyyiin gocha ulfa baasuutiin falman ''manni murtii daa'imman hin dhalatin jiraniif eegumsa gochuu qaba,'' jechuun iyyataa jiru. Ogeeyyiin kaan ammoo ulfa baasuun yoo daangeffame du'aatiin haadholii akkaan hammaata jechuun yaaddoo qaban ibsan. Murtiin manni murtii waliigalaa bara 1973 dabarse heera biyyattii yeroo 14ffaaf fooyya'e, kan dubartiin tokko maatiishee keessatti waan fedhashee murteeffachuu akka dandeessu iyyamuuf bu'uura kan godhatedha.
Murtiin manni murtii waliigalaa bara 1973 dabarse heera biyyattii yeroo 14ffaaf fooyya'e, kan dubartiin tokko maatiishee keessatti waan fedhashee murteeffachuu akka dandeessu iyyamuuf bu'uura kan godhatedha. Akkaataa kanaan dubartiin tokko mirga ulfa ofirraa baasuu akka qabdu murtaa'e. Falmii kana jalqaba kan kaaste dubartii waggaa 25 Norma McCorvey - kan maqaa masoo "Jane Roe" - jedhamuun beekamtuuni. Dubartiin kun yeroo sana gaa'ila hin godhanne, garuu Seera Yakka Ulfa baasuu-kan yoo fayyummaa haadhaa balaaf kan saaxilu ta'e malee ulfa kamuu baasuu dhorkuun falmuu eegalte. Yeroo sana Abbaa alangaa Teeksas kan ture Henry Wade seera farra-ulfa baasuuf falmaa nama tureedha. Kanaaf falmiin yeroo sana ture Roe v Wade jedhamee moggaafame. Ms McCorvey jalqaba himata kan dhiyeessite bara1969 ture. Yeroo sana daa'imashee sadaffaaf ulfa turte, garuu akka gudeedamte himachuun ulfa ofirraa baasuuf mana murtiitti wayita iyyattu, manni murtiis dhimmicha waan kuffiseef da'uuf dirqamte. Bara 1973 mana murtii waliigalaatti ol iyyannoo gaafachuun dhimmichis haadha seeraa Sarah Weddington fi hiriyaashee Linda Coffee jedhamtuun qabamee boodarra ishee deeggaruun murtii argate. Weddington jalqaba wayita dhimmicha mana murtiitti falmuu eegaltu dubartii waggaa 26 turte.
Maanguddoo Indiyaa waggaa 104tti mana barumsaa seenan Maanguddoon Indiyaa waggoota hedduuf mana barumsaa galanii barreessuu fi dubbisuu barachuuf hawwaa turan umriinsaanii waggaa 104tti hawwiisaanii milkeessuu danda'aniiru. Kibba Indiyaa bulchiinsa Keeraalaa keessa kan jiraatan haati waggaa 104 Kuutiyaamaan, umrii ijoollummaasaaniirraa kaasanii mana barumsaa seenanii barachuuf fedhii guddaa qabaachaa turan. Maanguddoon umriisaanii gara dhumaa keessa jiran kun baratanii barsiisuuf fedhii guddaa qabaatanis, garuu dubbisuu fi barreessullee barachuuf carraa argatanii miillisaanii mooraa mana barumsaa osoo hin ejjetin waggaa 100 caalaa lakkoofsisan. Waggaa haga kana guutuu garuu abdii osoo hin kutatatin mana barumsaa galanii barachuuf eegaa turan. Maanguddoon kun, shamarran carraa barnootaa akka dhaban kan godhu, gaa'ila umrii maleedhaan sakaalamanii carraa barnootaa dhabanii umriisaanii guutuu barnoota dheebotaa akka jiraatan himan. Ijoollummaatti erga heerumanii booda maatii gadi dhaabuuf hojii mana keessaa irratti xiyyeeffataa kan turan Kuutiyaamaan, hojii qonnaa hojjechuunis dirqama waan tureef osoo ifa barnootaa hin argin umriin jaaran. Haata'u malee erga umriinsaanii dhibba darbeellee miirri isaan barnootaaf qaban gonkumaa hin qabbanoofne ture. Yeroo kanatti saganataa barnoota bu'uuraa mootummaan Indiyaa qopheessetti gargaaramuun dharraa barnootaa jaarraa tokkoo oliif keessa isaanii ture umriisaanii gara dhumaatti dhandhamaniiru. Haala kanaan maanguddoon umrii waggaa 104 Kuutiyaanaa, mana barumsaa seenanii barreessuu fi dubbisuu danda'aniiru. Gara mana barumsaa wayita deemanitti dargaggootaa fi shamarran akkawoo fi akaakileesaanii ta'an waliin barachuun raawwii olaanaa ajaayibsiisaa ta'e galmeessisaniiru. Jaalalaa fi kutannoo cimaadhaan gara mana barnootaa kan deeman maanguddoon kun, barnoota bu'uuraa barreessuu fi dubbisuu erga baratanii booda qorumsa xumuraan dhibba keessaa qabxii 89 argachuun xumuraniiru.
Jaalalaa fi kutannoo cimaadhaan gara mana barnootaa kan deeman maanguddoon kun, barnoota bu'uuraa barreessuu fi dubbisuu erga baratanii booda qorumsa xumuraan dhibba keessaa qabxii 89 argachuun xumuraniiru. Yeroo ammaa maanguddoon ganna 104 kun fedhii jaarraa oliif keessa isaanii ture milkeessuun, barreessuu fi dubbisuu danda'anii jiru.
Indiyaatti maaliif garaagarummaa daqiiqaa 25'n haati warraa tokko of ajjeesti? Indiyaatti waggaa waggaan haadholiin warraa kumootaan lakkaawwaman maaliif of ajjeesu? Akka ragaa haaraa Biiroo galmeessa yakkaa biyyaalessaatti bara darbe keessa qofa haadholiin warraa 22,372 of ajjeesaniiru. Kana jechuun giddugaleessaan guyyaatti haadholii warraa 61, daqiiqaa digdamii shan digdamii shaniin of ajjeesuu jechuudha. Namoota bara 2020 keessa of ajjeesan 153,052 keessaa haadholiin warraa dhibbeentaa 14 qabatu. Lakkoofsa waliigalaa kana keessaa ammoo dhibbeentaa 50 ol kan ta'an dubartoota. Bara 1997 yeroo galmeen namoota lubbuu ofii baasanii qabamuu eegalee waggaa waggaan haadholiin warraa 20,000 ol ta'an lubbuu ofii baasu. Bara 2009'tti lakkoofsi olaanaan 25,092 ta'u galmaaheera. Gabaasaaleen yeroo hedduu bahan sababni kanaa ''rakkoo matii'' ykn ''rakkoo gaayilaan walqabatu'' ta'uu akeeku. Haata'u malee dhugaatti haadholiin warraa kumootaan lakkaawwaman lubbuu isaanii maaliif galaafatu? Ogeeyyiin fayyaa sammuu sababni ijoon miidhaa mana keessaati jedhu. Qo'annoo dhiyoo kana mootummaan gaggeeffamerratti dubartoota hirmaatan keessaa dhibbeentaa 30 kan ta'an abbootii warraa isaaniirraa miidhaan irra gahuu himataniiru. Guyyaa guyyaatti rakkoon mana keessaafi gaayilaan walqabatu dhiibbaa qabaachuu akeeku. ''Dubartootni dhugumatti damdamatoodha, garuu obsaafis daangaan jira'' jetti magaalaa Varanasi keessatti gorsituu fayyaa kan taate Dr. Usha Verma. ''Dubartootni hedduun yeroodhuma umrii seeraan itti heeruman 18, guutan heerumu. Achii haadha warraa taati, amaatii taati, jireenya ishee guutuu mana keessatti nyaata bilcheessaa, waa miiccaa hojiilee mana keessaa dalagaa dabarti.
Danqaalee hunduu irra kaahamu, bilisummaa dhuufaa muraasa qabaatti, maallaqa mataa ishees hedduu hin qabaattu. ''Barnootniifi abjuun ishee akka waayee baasutti hin laalamu, fedhiin ishees suuta badaa deema boodas abdii kutannaafi aarii keessa galti jiraachuun ishees dararama ta'a.'' Dubattoota umriin siiqan biratti ammoo sababni of ajjeesuu kan biraadha jetti Dr Verma. ''Hedduun isaanii rakkoo ko'oommachuu 'empty nest syndrome' jedhamu keessa jiru ijoolleen guddisan yeroo manaa bahanii mallattoolee dhibee ko'oommachuu itti uuma.'' Haata'u malee of ajjeesuun salphaatti dhaabsifamuu danda'aa jetti. '' Nama tokko sakandiif yoo dhaabsifte, carraan dhiisuu jira.'' Namootni dhuunfaan qorannoo gaggeessanis tokko sadaffaan dubartoota of ajjeesanii seenaa miidhaa fi haleellaa mana keessaa qabu. Indiyaan addunyaarratti biyyoota namni hedduun itti of ajjeesu keessaa tokko. Namoota akka addunyaatti waggaa waggaan lubbuu ofii baasan keessaa dhiironni gahee tokko afraffaa dubartooti ammoo tokko sadaaffaa ol qabu. Ogeessi rakkoo fayyaa sammuufi ittisa lubbuu ofii baasuurratti qorannoo hojjetan Dr Pathare jedhaman gabaasaleen bahan mataan isaanii dhugaa lafa jiru bakka hin bu'anii jedhu. Of ajjeesuun ifatti dhimma irratti haasa'amu mitii jedhu ogeessi kun. Saalfiifi qullifannaan kanaan walqabatee jiraachuufi lubbuu ofii baasuun yeroo hedduun akka balaa tasaatti gabaasamas jedhu. Duulli ittasa lubbuu ofii baasuu yeroo kamittuu yeroo sagantaan qophaayee gaggeefamu qabiinsa ragaafis xiyyeefannoo kennuu qaba jechuun muggutu. Gabaasni yaalii of ajjeesuu Indiyaa nama kofalchiisaa kan jedhan Dr Pathare, addunyaarratti lakkoofsi namoota of ajjeesuuf yaalanii kan du'aniin dachaa afurii hanga 20 ta'aa jedhu. ''Karoorri Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii sadarkaa addunyaatti lubbuu ofii baasuu bara 2030'tti tokko sadaffaan hir'isuu ta'uus, kan bara isa dura tureen yoo bira qabamu bara darbe nu biratti dhibbeentaa 10 dabaleera.
''Karoorri Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii sadarkaa addunyaatti lubbuu ofii baasuu bara 2030'tti tokko sadaffaan hir'isuu ta'uus, kan bara isa dura tureen yoo bira qabamu bara darbe nu biratti dhibbeentaa 10 dabaleera. Kanaaf hir'isuun abjuudha.''
Badhaafamtuun Noobelii Nagaa, Malaalaan, nikaa hidhatte Badhaafamtuu Noobelii Nagaa kan taate Malaalaa Yuusafzaay sirna kabaja ayyaana Islaamaa Barmiingihaam kessa ture irratti "nikaa hidhatte". Sirna kanarratti Malaalaafi Aseer Maliik nikaa ealiif hidhuun ga’eela waliin dhaabbachuuf walii galan. Roggeettii addunyaatti beekamtu umuriin ishee ganna 24 ta'e Malaalaan, guyyaan nikaa hidhatte ykn naqatamte kun jireenya ishee keessaatti “guyyaa addaa” akka ta’e himte. Roggeettiin mirga dubartootaa Paakistaniif falmuun gurra horatte kun, bara 2012tti Taaliban mataashee rasaasaan erga rukutee booda gara West Miidlaanditti baqatte. “Aniifi Aseer jireenya keenya guutuu waliin ta’uuf gaa’eela dhaabbanne,” jechuun, kanas kan taasisan “sirna nikaa xiqqaa maatii waliin” qopheessuun akka ta’e Kibxata Tiwiitara irratti barreessiteetti. “Imala fuula keenya dura jiru waliin adeemuuf gammadneerra,” jette. Malaalaan Paakistaan keessatti shammarran barnoota argachuuf mirga qabu jechuu isheef kan ija Taaliban keessa seente shamarree umurii 15 yeroo jirtu ture. Hidhattoonni Taalibaan dachaa Siwaat keessatti konkolaata mana baruumsaa isheen irra turte dhaabsisanii seenuun dhukaasa baniin isheefi barattoota lama biroo madeessanii turan. Miidhaa lubbuu isheef yaaddeessaa ture irraa erga bayyaannattee booda, isheefi maatiin ishee gara Barmiinghaamitti imalan. Umurii ganna 17’tti, Malaalaan Badhaasa Noobelii Nagaa badhaafamuun nama umurii xiqqaan badhaasa beekamaa addunyaa kana argatte kan jalqabaa taateetti. Sana booda Yunivarsitii Oksifoorditti barattee, roggeetti mirga namoomaa ada duree ta'uu dandeesseetti. Yunivarsitii irraa erga eebbifamtee booda, Malaalaan baqattoota Afgaanistaaniif gargaarsi foyya'aan akka taasifamuufiif waamicha dhiyeessiteetti.
Yunivarsitii irraa erga eebbifamtee booda, Malaalaan baqattoota Afgaanistaaniif gargaarsi foyya'aan akka taasifamuufiif waamicha dhiyeessiteetti. Kana malees, Apple TV+ waliin dokumentarii hojjachuuf mallatteesiteetti. kana hunda kan gootu hojii shamarraaniif carraa barnoota banuu ishee utuu itti fuftee jirtuudha. Sirni niikaa ga’eela seeraan fudhatame ta’uu baatus, gaa’ela Islaamummaa dhaabbachuu keessatti sadarkaa isa jalqabaadha. Yeroo hedduu sagantaan kan biraa qofattii kan gaggeeffamu ta’us, Malaalaan sagantaa biraa akka qabaattu ykn dhiistu ifa hin goone. Kanaan dura Malaalaan mormii ga’eela irratti qabdu ibsitee turte. Adoolessa keessa gaaffiifi deebii maxxansa Vogue waliin taasiste irratti: “ Namoonni maaliif akka gaa’ela dhabbachuu qaban naaf hin galu,” jetteetti. “Yoo nama tokko jireenya kee keessatti kan barbaaddu ta’e, maaliif waraqaa ga’eela malleetteessuun barbaachise? Maaliif akkasumaan waliin ta'uun siif hin danda'amnee?” jette. “Harmeenkoo yeroos …’ Tasuma waan akkana hin dubbatiin! Heerumuu qabda, gaa’elli waan bareedaadha’ naan jette.” Oduun sirna nikaa hidhachuu ishee kun interneeta irratti namoota kumaatama hedduun jallatamee, namootni hedduunis ga’eela bareedaa hawwaniiruuf.
Haadholiin lama da’umsa irratti du’an, dhibee hakiima irraa itti darbeen ta’uu mala jedhame Haadholiin lama erga da’anii booda dhibee herpiisin du’an, tarii ogeessa fayyaa baqaqsanii hodhuu tokko irraa dhibeen kun itti darbee ta’uu akka danda’u BBC’n bira gahe. Ogeessi fayyaa kun bara 2018’tti dubartoota lamaan irratti wal’aansa baqaqsanii hodhuu da’umsaa (C-section) jedhamu gaggeesseera. Maatileen dubartoota kanaa du’a lamaan isaanii wanti wal qabsiisu akka hin jirre itti himame, isaan garuu qorannoon akka gaggeeffamuuf gaafachaa jiru. Hospitaalli Iist Keent madda dhibee kanaa akka adda hin baasnee fi hakiimichi seenaa vaayirasichan hubamuu akka hin qabne hima. Da’umsa irratti du’i wanta hedduu barame miti. Akka ragaaleen agarsiisanitti UK keessatti qofa bara 2017 fi 2019 gidduutti da’umsi miiliyoona 2.1 jiraatus, hadhooliin da’umsa irratti du’an 191 qofadha. Du’i dhibee HSV-1 jedhamu – vaayirasii herpiis lamaan keessaa isa tokko – namoota fayyaa hubuun hin beekamu. Dhibeen kun mallattoo qaama saalaa fi afaan irratti madaa uumuu qaba. Ta’us, Waxabajjii fi Adoolessa 2018 keessa, hadhooliin lama dhibee vaayirasii kanaan lubbuun isaanii darbeera. Akkamiin du’i hadhoolii kanaa uumame, maalifis haadholiin du’a lamaan wanti walitti qabsiisu akka jiru itti hin himamne kan jedhu BBC’n qorachaa tureera. Kimberlii Saampsan, umurii ganna 29, intala ishee ganna sadii fi harmee ishee waliin Wiitisteebil, Keent keessa jiraatti ture. “Haadha gaarii turte, yeroo hunda kana ta’uus feeti ture,” jechuun harmeen ishee Iveet Saampsan BBC’tti himteetti. Kimbeerliin Caamsaa 3, 2018 irratti ciniinsuun ishee egallaan gara hospitaala Queen Mother jedhamu deemte.
Ciniinsuun itti yemmuu hammaatu, hakiimootni C-section’tiin akka deessuuf murteessani. Ilmashee deessee, guyyaa lama booda hospitaalaa baatee. Ta’us garuu dhukkubbiin itti dhaga’ama ture. “Guyyaa guyyaan dadhabaa deemte – nyaachuus, rafuus hin dandeenye ture,” jetti harmeen ishee. Boodarra Kimbeerliin ambulaansiidhaan gara hospitaalaatti geeffamte. Hakiimootni dhibee ishee adda baasuufi madaa ishee fayyisuuf, wal’aansa hedduu gaggeessanis hin milkoofne. Guyyaa saddeet booda, Kimberliin gara hospitaala Kingis Kolleej, Landan jirutti dabarfamte. Achitti vaayirasii herpisii hamaan akka hubamte itti himame. Caamsaa 22 irratti Kimberliin ni duute. Vaayirasii herpiisiitiin du’i tokko waan hin barmnedha, garuu torban ja’a booda, Samantaa Mulkaayis haala walfakkaataan lubbuun ishee darbe. Dubartiin ganna 32 Samaantaa ciniinsuu sa’aatii 17 booda, daa’ima ishee jalqabaa C-section fayyadamuun deesse. Intalli ishee fayyaa guutuun dhalattus, hakiimootni Samantaatiin yeroo muraasaaf wal’aansaaf tursani. Guyyaa sadii booda dhukkubbiin ishee itti hammaatee, gara kutaa wal’aansa addaatti geeffamte. Achis guyyoota afuriif turte. Haakimootni hospitaala Landan jiru irraa gargaarsa gaafatanii, ogeessotni wal’aansa baqaqsanii hodhuu, haala isheen keeessa jirtu fooyyesuuf yaalani. Harmeen ishee Nikoolaa, “hakiimootni akka ishee olchuu dadhaban nutti himani. Akka isheen duute nutti himani,” jechuun BBCtti himteetti. Qorannoon du’a ishee booda gaggeeffame, Samaantaan sababa madaa hama vaayirasii HSV-1’tiin uumameen akka duute ibse. Dubartoonni lamaan kanaan dura vaayirasii kanaan hubamanii hin beekani – kana jechuun kun yeroo jalqabaafi.
BBC’n yemmuu ragaalee maatii irraa argate qoratu, wantoota madda vaayirasiichaa ta’u malan irratti Tajaajilli Fayyaa Ingilaand (PHE) qorannoo taasisee akka ture argate. Ta’us garuu odeeffannoon dabalataa hin kennamne. Boodarra iyyata maatii Kimberlii irraa galfameen PHE, odeeffannoo qorannoo isaan argate kenneera. Qorannoon kunis, ragaalee iimeelii adda addaan, yeroo jalqabaaf wanta du’a hadhooli lamaan wal qabsiisu argate. Iimeelii argaman keessa tokko, namni qaama qabeenya uummata hogganu keessaa namni tokko, da’umsa Kimberlii fi Samaantaa irratti hakimoota, narsoota da’umsaa fi ogeessa baqaqsanii hodhuu walfakkaataa ta’an akka hirmatan ibsa. Kun wanta du’a lamaan wal qabsiisu – akkasumas madda dhibee- ifa ta’e kun, namoota imeelicha keessatti ibsamniif yaaddoo uume. Fayyaa qunnamtii saalaa irratti waggootii 30 oliif UK keessatti kan hojjete, keessumaa dhimma vaayirasii herpiis irratti Piitar Gireenhawuus, dhimma kana akka ilaaluuf BBC’n gaafateera. Dhimmi kun wanta “baayyee adda ta’ee – baayyee hin baramnedha” jedha. “Dhimma kana irratti %100 mirkaneessitee kanatu uumame jechuu hin dandeessu,” garuu “ragaan hundi akka agarsiisutti dubartoonni kun hospitaala deemuun dura vaayirasichan kan qabaman hin fakkaatu,” jedha. “Vaayirasichi hospitaala keessatti kan qabateen fakkaata.” Hadhooliin kun kan vaayirasichaan hubaman yeroo wal’aansa baqaqsanii hodhuu C-section gaggeeffamaafi turetti, tasa ogeessa fayyaa irraa kan itti darbe ta’uu mala jedhee amana. “Hospitaalatti qabamuu isaanii yoo ilaallu, wanti dhimma lamaan irratti wal fakkaataa ta’e ogeessa wal’aansa baqaqsanii hodhuu sana gaggeesse qofadha,” jedha. Ogeessi kun gosa dhibee kana herpetic whitlow jedhamu – kan madaan herpiis quba irrati ba’uun- hubamee ta’uu danda’a, “kanaanis ammoo vaayirasicha kallattin garaa dubartoota kanaatti dabarsee” ta’uu danda’a jedha.
Ogeessi kun gosa dhibee kana herpetic whitlow jedhamu – kan madaan herpiis quba irrati ba’uun- hubamee ta’uu danda’a, “kanaanis ammoo vaayirasicha kallattin garaa dubartoota kanaatti dabarsee” ta’uu danda’a jedha. Kunis jedha, vaayirasichi ariitiin qaama dubartoota kanaa keessatti akka tatamsa’u gochuun, mallattoon vaayirasichaa qaamarratti argamuu malu kan irratti hin mul’atiin hafe kanaaf ta’uu malas jedha. Ogeessotni fayyaa saal-qunnamtii fi qorannoo vaayirasii afur biroos, xinxala Giriinhawuus kanaan waliigalu. Dhabbatti waldaa Hospitaalota Baha Keent ibsa baaseen, ogeessa kanaa waliin gaaffii fi deebii fayyaa isaa irratti taasifameen seenaa vaayirasii herpisiin qabamu akka hin qabne himuu isaa fi mallattoo vaayirasichaas akka hin qabne himeera jedhu, ta’us yeroo wal’aansa kana gaggeessetti vaayirasicha qabaachuu fi dhiisuu isaa irratti qorannoo hin gaggeessine.
Ayishaa Yerimaa: 'Maalif akkan Boko Haaramitti deebi'eefi akkaataan itti miliqe' Seenaa dubartii milishoota Islaamistii Boko Haaram waliin Kaaba Baha Naayijeeriyaatti bosona keessa jiraachaa turtee gaazexeessituufi barreesituu Afrikaa Trisia Niwawubani yaalii dheeraan booda kan dubbistee qindeesitedha. Jalqaba waraanaan harka milishoota Boko Haram irraa kan gadhiisifamte Ayishaa Yeriimaa, bara 2017 fedhii isheetiin gara garee kanaatti yoo deebitu maatii ishee hedduu rifaasisee ture. Dubartiin ganna 30 kun waggaa afuriin booda ammoo garee kana jalaa miliquun mana maatiishee magaala guddoo Boornoo, Ma'iduguriitti deebiteetti. Ayishaan jalqaba garee kanaan kan butamte yeroo umriinshee ganna 21 ture kibba baha Ma'iduguriitii yoo ta'u, erga garee kanaan butamtees komaandera garee kanaa keessaa tokkotti heerumtee ture. Akka isheen jettutti, komaanderri garee Boko Haaram kun jaalalaafi kennaawwan kennuufin onneeshee booji'eera. Yeroo waraanni mootummaa kaampii garee kanaa kan bosona Sambisa keessa jirurratti haleellaa banu Ayishaa fi dubartoonni haadha warraa ta'an hedduun garee mootummaatin bilisa bahan. Dubartoonni garee Boko Haaram jalaa baraaraman kunneen waggaa tokkoof sagantaa dandamachiisuu jala akka turan ta'e. Ji'a afuriin booda Ayishaan Garuu jireenyi Garee Boko Haaram biratti fooyya'aa akka ta'e hubaatte. "Jireenyi hedduu natti ulfaate, wanti hundi naaf salphaa hin turre. Sanirratti maatii kiyyarrattin hirkattuu ta'e," jetti Ayishaan. Daa'ima ishee kan umurii waggaa lamaa kan Komaandara waraanaa Boko haram irraa deessee fi ishee waliin garee sana jalaa baraarame nyaachisuunuu hedduu itti ulfaatee ture. "Abbaa manaa kiyyatti bilbileen itti hime. Innis kana narraa dhagahuu isaatti hedduu gammade.
Yeroo itti aanu boba'a bituudhaaf gara Ma'iduguri akka dhufuu fi yeros akka walarginus waliigalle" jetti. Guyyaa beellama isaaniis daa'imashee fi waan qabdu muraasa qabattee maatii isheettis osoo hin himin baatee deemte. Simmannaa dhukaasan dabaalame… Bakka dhokataa ta'etti abbaa manaasheetiin erga walargiteen booda inni maallaqa kenneefii uffata haara bitatte. Ergasii naannoo galgala saatii 1:30 bakka dhokataa ta'e tokkotti abbaan manaashee kuni milishoota 20 tahan wajjin otobisa keessatti eegee walargan. "Hundi isaaniituu akka malee hidhatanii jiru" jechuun waa'ee milishoota abbaa manaashee waliin turaniis dubbatti. Gara bosona Sambisaatti konkolaataadhaan imala dheeraa erga godhaniin booda bakka gaaraajii tokkotti konkolaaticha namicha tokkotti kennanii imala hafe miilaan itti fufan. "Yeroo kaampii keenya geenyu simannaa hoo'aatu ture. hundi isaaniituu deebi'ani na arguu isaaniitti hedduu gammadanii rasaasa gara samiitti dhukaasaa turan." Jetti Ayishaan. Ergasii akka haadha warraa Komaanderichaatti jireenya idilee isheetti deebite. Dubartoonni biroos akka gargaartuu isheetti qacaramaniifii ofii fi mucaashee akka gaariitti jiraachisuu eegalte. Akka bakkichatti deebiteen ulfaa'uu isheetti hedduu gammadde. Garuu daa'imnishee kuni da'umsarratti jalaa du'e. Abbaan manaashee ammoo yeroo isheen ulfa ji'a lamaa turte dirree waraanaatti jalaa ajjeefame. Milishoonni bakkicha turan mucaan isheen garaadhaa qabdu kuni qabeenya abbaa isaa qooddachuuf mirga akka qabu waan beekaniif hanga daa'imni kuni dhalatutti qabeenyi abbaa warrashee kuni akka hin qoodamne godhanii ture. "Osoo qoodinsa qabeenyaa hin raawwatin dura Daa'imni dhalatu kuni dhiira moo dhalaadha kan jedhu beekuu qabu ture. Sababnisaas dhiira yoo ta'e dachaa kan dubartii argata wan ta'eefi" jetti.
Daa'imni isheen deesse suni dhiira ture. garuu haala nama gaddisiisuun nidu'e. Ayishaan hedduu gaddaan miidhamte. Akka Heerumtuuf Dirqisiifamuu… Ayishaan qabeenyi abbaa warraashee qoddatte ishee fi mucaashee jiraachisuuf gahaa ture. garuu garee kaan irraa inaaffaa itti uume. "Of dandeessee maaf qofaa jiraatta jedhanii nagaafatu. Ani nama kamittuu heerumuu hin barbaadu isaan garuu nadirqisiisan" jetti. Abbaan warraa haaraan Ayishaa fuudhe kunis qabeenya guddaa nama qabudha. Nama daldalaa, kan omishaalee garee boko Haramiif dhiheessuu fi yeroo yeroodhaan Ma'iduguritti deddeebi'udha. Abbaa warraa ishee haaraa kanaaf yeroo ulfooftes ammalleen bosona kana keessatti daa'imni dahu najalaa du'uu waan danda'uuf gara magaala ma'iduguriitti galla jettee gaafannaan abbaan wararashee kuni nidide. Fedhiin bakkichaa bahuushee kan dabale ammoo yeroo hidhattoonni mootummaa garee kana irratti haleellaa fi boombii darbachuu hammeessaniifi yeroo yeroodhaan bakkaa bakkatti socho'uun dabalaa dhufedha. Keessumaa ammoo Gareen Bokko haram bakka lamatti walqooduun dhibdeen garee lamaan gidduu jiru hammaachaa gaafa dhufu ulfa garaa qabdu kana waliin akka hin miidhamneef waan sodaatteef miliquuf murteessite. Ji'a Hagayyaa keessa guyyaa tokko ganama sa'aatii 3'tti mucaa ishee fi haadhotii warraa lama biroo waliin bosona keessa miliquuf yaalanis garee Boko Haramin too'atamanii kaampitti deebifaman. Ayishaan lammata miliquu akka hin yaanneefis Abbaan warraashee fi milishoonni biroo mucaa Ayishaa kan Ganna Jahaa kana fuudhanii bakka hin beekamnetti jalaa dhoksan. "Yeroo mucaa kiyya harkisanii narra adda baasan mucaan kiyya iyyaa ture. harmee, harmee nadhiistee hin deemin, nadhiistee hin deemin jedhee boo'aa ture" jetti.
Guyyoota hedduudhaaf mucaa ishee kana barbaadaa, milishootnis akka deebisaniifif gaafattus dhamaatiin ishee kuni bu'aa waan hin buusnef yeroo carraa argattu mucaa ishee achumatti dhiistee miliquuf murteessite. Miliqqaa fi Garraamummaa … Milishaan karaa beeku tokko maallaqa kaffalaniifii jennaan ishee fi dubartoota biroo hedduu bakka Sanaa baasuu akka danda'u itti hime. Ayishaanis maallaqa qabdu hundumaa kenniteefi. Torbee tokkoon boodas milishaan kuni dubartoota kana fuudhee qaxanaa milishootaa keessaa erga baaseen booda bakka ofii isaanitiif itti imaluu danda'anii fi hidhattoota mootummaas argachuu dandahaniin gahee deebi'e. "Loltoonni namoota gaarii turan.miliqee dhufuu kiyaaf akka jaba ana jejanii maallaqa ittiin konkolaataa qabadhulleen naaf buusani nagaggeessan" . Yeroo Magaala Ma'iduguri geessettis magaalattiin kan isheen beekturraa hedduu itti jijiiramte. Riqichoonnii fi daandiwwan walqaxxaamuroon hojjetamaniru. Kanaaf konkolaachisaadhaan naa dhaabi jetteenii harmee isheetiif bilbiltee kallattii mana isaanii gaafatte. Maatiin hundi karratti yaa'ee ishee simate. Itti maramanii dhungatan. Erga deebite kanaa namni hundi garraamummaa isheef agarsiise. Hunduu ishee gargaara. Olloonni isaaniis maallaqa walitti buusanii kennaniifi. Ta'us daa'imni ishee ji'a Onkololeessaa keessa deesse ammas jalaa du'e. Hanga ammaatti abbaa warraa isheerraa qulqulleeffachuu baattus abbaan warraashee dhibdee garaa Boko Haram gidduu jiruun qabamee hidhameera kan jedhu dubartoota ishee booda miliqanii dhufanirraa dhageesseetti. Carraan isaa maal akka ta'us hin beektu. Ayishaan amma jireenya ishee bifa haaraan eegaluun daldala shittoo irratti bobba'uuf maallaqa walitti qabachaa jirti. "Mucaan koo akka Nagaa naaf ta'uuf Allah nan kadhadha.
"Mucaan koo akka Nagaa naaf ta'uuf Allah nan kadhadha. Garuu lammata gara Boko Haram hin deebi'u" jetti Ayishaan.
Gareen kubbaa miilaa shamarranii Afgaan gara Paakistaanitti baqatan Taphattoonni garee kubbaa miillaa shamarranii biyyaalessaa Afgaan daangaa ce’uun gara Paakitaanitti baqatan. Shamarran kun sodaa sarbama mirga dubartootaa Taalibaan gaggeessaa jiruun ji’a dabre dhokatanii jiraachaa turan. Taphaattonni ga’eessa ta’an ji’a darbe xiyyaaraan Kaabul keessa kan ba’an yoo ta’u, taphattoonni umurii quxisuu garuu paaspoortii fi ragaalee isaan barbaachisu waan hin qabneef boodatti hafaniiru. Taphattoonni 32 fi maatileen isaanii gargaarsa dhaabbata tola ooltummaa “Football for peace” jedhamuu kan mootummaa waliin tureen viizaa argataniiru. Anga’ootni akka jedhanitti gartuun kun, walumaa galatti namootni 115 ta’an, Peshawaar irraa gara magaala lixarra jirtu Lahooritti ni imalu, achitti waajjira Federeeshinii Kubbaa Miillaa Paakistaan keessa akka turan taasifama. Gaazexaan The Independent dhiyeenya akka gaabaasanitti, taphattoonni kun Paakistaan hatattamaan seenuuf eyyamni akka kennamuufiif xalayaa Ministira Muummee Paakistaaniif barreessaniiru. Xalayaa kanarratti shamarran kun, Taalibaan “rakkoo guddaa “ nurra geessisuu danda’a soda jedhu akka qaban himaniiru. Erga Kaabuul to’annoo jala ooltee booda, bulchiinsa haaraan dararri akka irra hin geenyeef, dursituun garee duraanii Kalidaa Poopal, suuralee yeroo isaan kubbaa miillaa taphatan miidiyaa hawaasummaarra jiru akka haqanii fi meeshaa kubbaa miillaa isaanii akka gubaniif taphattoota akeekkachiisaniiru. Torban darbe Itti aanaa hoogganaan komiishinii aadaa Taalibaan, Ahmaadullaa Waasiq, yeroo wa’ee gartuu ispoortii kirikeetii dubartotaa gaafatamanitti, kun “sirriis miti, barbaachisaas miti,” jechuun isaanii, eegereen Ispoortii dubaartootaa biyyatti keessatti akkam ta’a soda jedhu uumeera. “Tapha kiriikeeti keessatti yeroo itti fuullu fi qaamni isaanii itti hin haguugamne jiraachuu danda’a.
“Tapha kiriikeeti keessatti yeroo itti fuullu fi qaamni isaanii itti hin haguugamne jiraachuu danda’a. Amantaan Islaamaa dubartoonni akkanaatti akka argaman hin eeyyamu,” jedhan Waasiq. “Yeroon kun yeroo miidiyaadha, suuraa fi viidiyoon ni jiraata, namootni kana ilaalanis jiru. Amantaan Islaamaa fi Islaamik Emireet [Afgaanistaan], dubartoonni kirikeetis ta’e ispoortii qaama isaani mul’isu kamuu akka taphataniif hin eeyyamu.” Yeroo bara 1996-2001’tti Taalibaan Afgaan bulchaa turetti, dubartonni ispoortii kamirrattiyyu akka hin hirmaanneef dhorkamanii turani. Baqannaan gartulee kanaa, baqannaa guddaa namootni ispoortii fi aadaa keessa jiran sarbama mirga dubartootaa irratti Taaliban erga aangoo fuhdatee gochaa jiru sodaan gaggeefamaa jiru keessaa tokkodha. Baqannaa gartuu kubbaa millaa dubartootaa dabalatee, weellistuun beekamtuu biyyatti Aryaanaa Sayiid fi daarektarri fiilmii beekamtuu Sahraa Karimii ji’a darbe biyyatti keessaa baqatanii ba’aniiru.
Afgaanistaan: Hiriira mirga dubartootaaf Kaabulitti bahamee ture Taalibaan bittinse Qondaaltonni Taalibaan dubartoota hedduu erga Taalibaan biyyattii to'ate hordofee mirgoota isaanii gaafachuuf Kaabuul keessatti hiriira bahanii turan bittinsan. Garichi akka jedheetti, osoo dubartoonni karaa riqiichaatii gara masaraa pirezidaantiitti imaluuf yaalaa jiranu gaazii imimmaaneessaa fi mimmixa itti facaasuun bittinse. Haata'u malee Taalibaan mormichi to'annoon ala akka hintaaneef to'ateera jedha miidiyaa biyya keessaa Tolo News akka gabaaseetti. Mormiin dubartootaa kunis mormiiwwan Kaabuulii fi Heraat keessatti gaggeeffaman hedduu keessaa tokko. Dubartoonnis mirgi hojjachuufi motummaa keessatti makamu akka kabajamuuf gaafataa jiru. Taalibaan bulchinsi motummaasaan maala akka fakkaatu guyyoota dhufan keessatti akka beeksiisu hima. Taalibaanoonni dubartoonni motummaa keessatti makamu ni danda'u garuu aangoowwan ministeerummaa hinqabatan jedheera. Dubartoonni hedduun ammoo akka bara 1996-2001 wayita Taalibaan aangoorra ture sanatti akka hindeebiineef sodaa qabu. Dubartoonni alatti fulasaanii akka haguuganii kan dirqisiifaman yoo ta'u, balleessaawwan xiqqoofis addabbii cimaatu raawwatamaa ture. ''Waggoota 25 dura wayita Taalibaan dhufe, mana barnootaa akkan hindeemneef na dhorkan,'' jette gaazexessituun Azitaa Naazimi miidiyaatti yoo dubbattu. ''Aangoo Taalibaan waggoota shaniif booda, waggoota 25f barachuun hojjachaan ture. Ammas egeree keenya gaariidhaaf, kun deebi'e akka mudatu hinhayyamnu.'' Dubartiin hiriiraaf baate kan biraa, Soraayaan Rooyitarsiitti akka himteetti, ''dubartoota mataa keessa muka qawweetiin waan rukutaniif dubartoonni dhiigaa turan.'' Kaaba Kaabuul suluula Paanjishir keessatti lafa loltoonni mormitoota Taalibaan waraanaa jiran keessatti ammalleen walitti bu'iinsi itti fufeera. Haata'u malee, gama lamaaniinu olaantummaa argachu himaa jiru.
Haata'u malee, gama lamaaniinu olaantummaa argachu himaa jiru. Taalibaanonni aanaalee lama dabalataan to'achuun gara jidduugala bulchinsichaatti qajeelaa jiraachu himan. Dubbi himaan Adda Warraaqsa Biyyaaleessa Afgaanistaan (NRF) ammoo waraanni cimaan gaggeeffamaa jiraachuufi loltoonni Taalibaan kumaatamni harka kennachuu hime. Suluulli Paanjishiritti namoonni kuma 150- 200 kan jiraatan yoo ta'u, wayita Afgaanistaan bara 1980'oota keessaa Soviyeetiin to'atamtee turtettiifi bara aangoo Taalibaan duraanitti, jidduugala mormii ture. Hoogganaan NRF, Ahimad Maasuud mormii dubartootaan Heraat keessatti gaggeeffame jajuun, Paanjishir mormii itti fufti jedheera. Wanti Taalibaanis ta'e NRF jedhan kana qaama walabaa irraa mirkaneeffachuun hindanda'amne. Gama biraatiin ammoo erga US buufata xiyyaara Kaabuul keessaa torban dura baateen booda, daandiin qilleensaa Afgaan Ariana balaliinsa biyya keessaa magaaloota sadii; Heeraat, Maazaar-i-Shaarif fi Kaandaahaaritti deebisee eegalu beeksiise. TV Al-Jaaziraa ambaasadara Kaataar eeruun akka jedheetti, balaliinsawwan deebisanii eegalchiisuuf gareen tekinikaa Kaataar gargaarsa taasisaniiru. Ministirri Dhimma Alaa US Antoonii Bilinkan Dilbata gara Kaataariitti imalu. Biyyattii adeemsa araaraa Afgaanistaanoota keessatti gahee olaanaa kan baate yoo ta'u, Biliinkan garuu Taalibaan irraa eenyu waliinu wal hinargu. Dureen Ejansii Tika Paakistaan, ISI, Jamaraal Faa'iz Haameed Kaabuul kan seenan yoo ta'u, gaazexeessitootaan gaafatamanis deebii hin kennine. Qondaalli tokko jalqaba torban kanaa Rooyitarsiitti akka himeetti, tarii haala waraana Afgaan deebisanii ijaaran irratti gargaaru danda'a jedheera. ISI Taalibaaniif deeggarsa taasisuuf aanga'oota Lixaatiin kan himatamu yoo ta'u, Paakistaan garuu kana ni waakkatti.
Olompikii Tokiyoo: Murteessituu hijaaba uffattu jalqabaa Olompikii irratti seenaa galmeessuuf jirtu Saaraa Gamaal wantoota gurguddaatti milkaa'uun rikardii gaarii qabdi. Lammiin Masirii taphattuu kubbaa kachoo taatee fi ogummaa siivil injineriingii qabdu Saaraan amma hojiishee gara murteessummaatti jijjiiruun Olompikii Tookiyoo irratti hijaaba uffachuun taphachiisuun seenaa haaraa hojjechuuf jirti. Saaraan dubartii Musiliimaa jalqabaa hijaaba uffachuun Olompikii Tookiyoo irratti kubbaa kachoo taphachiiistu tahuuf jirti. Kana qofa osoo hin taane haalumti tapha kubbaa kachoo isheen taphachiisuuf jettuyyuu jalqabaaf kan taphatame Tokiyootti ji'a Adoolessaa kana keessadha. Kubbaa kachoo 3x3 ispoortii addunyaa irratti magaalaa keessatti irra caalaa taphatamu jedhamuun kan beekamu ture. Asumaa jalqabuun addunyaa irratti paarkiiwwan keessatti bakkeewwan bashanannaatti kubbaa daandii irraa 'streetball' 'Blacktop' yookaan ammoo 'Playground Ball' jedhamuun taphatama. Akka tilmaamamutti biyyootni 182 fi taphattootni 430,000 tahan akka addunyaatti tapha kubbaa kachoo 3x3 kana taphatu. Saaraanis dubartii Arabaa fi Afrikaa jalqabaa tapha 3x3 kana dorgommii Olompikii irratti taphachiistu tahuu isheeti. Saaraan Olompikii irratti hirmaachuun ''abjuu'' ishee tahuu himti. Sababa weerara koroonaavaayirasiin dorgommichi gaggeeffamuu isaayyuu hin barree ture. ''Ni gaggeeffamamoo hin gaggeeffamu kan jedhu baay'ee nu yaadessee ture, garuu dhumarratti akka gaggeeffamu barame.'' Maatiin ishee hundi akka itti boonan Saaraan himte. Bu'aan hojii ishee kun akka haalaan eegdu ishee taasisuus himti. ''Yeroo matuma kee qofa osoo hin taane [addunyaa Afrikaa fi Arabaa] bakka buutu itti gaafatamummaa guddaadha.
Salphaa miti. Bakka buutuu isaanii cimtuu tahuu waan barbaaduuf waaniin dandahu hundaa nan godha.'' Saaraan nama suuta dubbattudha, seeqaan haasofti. Romaaniyaatti erga tapha kubbaa kachoo taphachiistee sa'aa muraasa booda gara Masiriitti deebitee na waliin haasofte. Yeroo hundumaa yeroon waa hojjedhu, waan guddaa akka tahen yaada. Allaah carraa haaraa isa kanaan duraa caalu anaaf banuun na raajeffachiise,'' jechuun natti himte. ''Bara dorgommii darbe tapha walakkaa xumuraa liigii Masirii kan dhiirotaa akkan taphachiisuuf nan filatame. Sun matuma isaan milkaa'ina tokkodha.'' Bara kana ammoo Saaraan gahumsa ishee kana gara sadarkaa caalutti ceesisuun, tapha xumura waancaa dhiirotaa Masirii fi tapha Kubbaa Kachoo Ligii Afrikaa taphachiifte. Isaan kunneen anaafis tahe murteessitoota dubartoota tahan Masirii keessa jiraniif tarkaanfii guddaa turan. Sababni isaas biyyicha keessatti yeroo jalqabaafidha dubartiin tapha xumura waancaa dhiirotaa irratti murteessituu tahuun kan taphachiifte. Milkaa'ina Saaraa yeroo dhiyoo kanaa akkuma jirutti tahee garuu imalli isheen gara Olompikiitti goote baay'ee dheeraadha. Ijoollee durbaa xiqqoo taatee yeroo obboleettiinshee hangafaa kubbaa kachoo taphattu ilaalaafi yeroo isheen shaakala deemtu ishee gaggeessaa guddatte. Yeroo umuriinshee waggaa shan tahu, Saaraan Kubbaa Kachoo taphachuu jalqabde. Yeroo umuriin ishee waggaa 15 tahu ammoo murteessituu taate. Waggoota saddeetiif Saaraan taphattuu fi murteessituus tahuun hojjechaa turte. Akka jettutti tapha dhiisuun hojii murteessummaa irratti qofa xiyyeeffachuuf murteessuun qormaata guddaa itti taheera. ''Waan kana keessatti nama jalqabaa yeroo taatu salphaa miti- kana gochuuf jagna tahuu qabda.''
''Garuu yeroo waan tokkotti amantu, akkasuma yoon tarkaanfii tokko fudhe ni taha jettees amanuu qabda.'' Saaraan wantoota hedduu al tokkotti wal madaalsiftee deemaa turte. Ammayyuu injiinera tahuun ni hojjetti. Yerooma abjuu tapha kubbaa kachoo ishee ari'aa turte sanadha waggaa shaniif kan injineriingii baratte. Ulfaataa ture jette, garuu yerookoo daandii lamaan gidduu jiru wal madaalsisee akka deemuuf maatiikoo na barsiisuun na deeggaraa turan. Amma miiltoowwan hojii ishee warra ishee dinqisiifatan keessaati. ''Tapha koo ni ilaalu. Olompikii irrattis na deeggaru.'' Karaa hundumaan amantaan ishee jabeessee akka ishee dhaabe dubbatti Saaraan. ''Waan kaniin dandahu hundaan yoon hojjedhe waan gaariin naaf dhufa jedheen amana. Waan qabdu hundaan cimtee hojjechuu qabda. Kanaaf 'waan dandahu nan godheen, Waaqaaf dhiise, inni imalakee qajeelcha.'' Tapha hundumaa dursitee nama akkasiiti. ''Nan kadhadha, adaraa yaa Waaqayyo tapha yookaan dorgommii cimaa akka haa tahu nu gargaari.'' Dirree keessatti waan uffattu kanas amantichuma kanatu ishee qajeelche. Saaraan erga bara 2017 seerri isaa jijjiiramee murteessituu jalqabaa FIBA sadarkaa dorgommii idil-adunyaatti hijaaba uffachuun taphachiistu tahuu isheeti. Saaraan deebiin argattu hunduu gaarii akka tahe himte. ''Taphattootni tokko tokko uffannikee gaariidha naan jedhu,'' jette. Murteessitootni dubaraa baay'een akka abjuu isaanii fi amantaa isaaniin mul'ataniif karaa saaquukoof, anaaf waan gaariidha.'' Saaraan shamarran murteessitoota tahan biyyashee keessaa baay'een, ''dorgommii idil adunyaa guddaa irratti carraa hirmaachuu yookaan addunyaa guutuu irra imaluu hin arganne,'' jedhanii naa barreessuu jette.
Saaraan shamarran murteessitoota tahan biyyashee keessaa baay'een, ''dorgommii idil adunyaa guddaa irratti carraa hirmaachuu yookaan addunyaa guutuu irra imaluu hin arganne,'' jedhanii naa barreessuu jette. ''Ana caalaa hojjechuu dandeessu jedheen isaanitti hima. Bakka barbaaddanitti mul'ata keessan dhugoomsuu dandeessu. Humna kana gochuu qabdu.'' ''Fuuldura isaanii murteessituu tahuuf yaaduun isaanii kabajaa guddaadha. Yoo jabaatanii hojjetan abjuu isaanii bira ni gahu.'' Shamarran Musiliimaa addunyaa irraa ishee daawwatan milkaa'ina ishee irraa akka baratan barbaaddi. Tokiyootti dirree cinatti waan ishee arganiif. ''Xiyyeeffannookee waan gaarii tahuu barbaaddu irra godhi. Galma guddaa qabaadhu. Akkasiin bakka guddaa yaaddee sana ni geessa. Ani nuyi dubartoonni humna ajaa'ibsisaa qabna jedheen amana. Nuyi baay'ee baay'ee cimoodha.''
Haati warraa poolisii hojjettuu manaa ishee lammii Miyaamnaar dararuun ajjeesuu amante Haati warraa poolisii Singaappor hojjettuu manaa ishee Miyaanmaar irraa taate, beelessitee darartee ajjeesuu ishee amante. Miidhaa bara 2016 keessa irra ga’een hojjattuun kun yeroo duututti ulfaatinni ishee kg 24 gofa ta’uu gabaafameera. Abbootiin alangaa gochi Gayatiirii Murugayan “hammeenyaa fi tasumaan namummaa kan hin qabnedha,'' jedhaniiru. Kun waggootii dhiyoo keessatti magaalota dureeyyii keessatti dararaa ga’an gurguddoo keessa isa tokkodha. Gartuulen mirga namoomaaf falman akkaataa qabiinsaa hojjattoota manaa kan hedduun isaani biyyooti ollaa Eshiyaa irraa dhufan irratti yaaddoo qaban kaasaniiru. Kibxatarra, Adde Murugayan, ganna 40, mana murti Singaappoor keessatti ajjeechaa Piyang Nigayi Don dabalatee himannaa 28 irratti dhiyaate balleessaa tahuushee amanteetti. Dhaddacha booda hidhaan umurii guutuu irratti murtaa’uu danda’a. Aadde Piyang Aadde Murugayaniif hojjachuu kan eegalte bara 2015tti yoo ta’u, kunis biyyasheetii erga baatee hojii ishee isa jalqabaa ta'u manni murti dhaga’eera. Aadde Murugayan ishee dararuu kan eegalte Onkololeessa 2015'tti erga “suuta hojjetti, qulqullina hin qabdu akkasumas baayyee nyaatti” jechuun Addee Piyaang himattee booda ta’uu, mana murti eeruun miidiyaan biyyatti gabaaseera. Vidiyoon kameeraa mana jireenyaa isaanii kessa kaa’ame irraa argame akka agarsiisutti, Piyaang du’uu isheen dura baatii ture keessa guyyaatti yeroo hedduu yemmuu dararamtu mul’iseera. Dabalataanis Addee Murugayan kaawuyyaa ykn meeshaa ittin wayyaa qixeessaniin ishee gubuu fi “akka kosii asii fi achii ishee daddarbachuun” himatamteetti.
Nyaatni aadde Addee Piyaang yeroo hedduu nyaattu, daabboo bishaan keessa dhuubame, nyaata qorraa firijii keessaa ba'e ykn ruuzii muraasa ta’uu manni murti dhaga’eera. Ji’oota 14 keessatti ulfaatina qaama ishee %38 – kg15 hir’isteetti. Hojjattuun ganna 24 kun Adoolessa 2016 keessa erga Addee Murugayan fi haadha isheen sa'aatii dheeraaf irra deddeebiin dararamtee booda lubbuun ishee darbe. Bu’aan qorannoo du’a ishee booda gaggeeffame Addee Piyaang kan duute erga irra daddeebiin hudhamtee booda oksijiiniin sammuu ishee bira ga’uu waan dadhabeef ta’uu mul’iseera. Abbootiin alangaa Aadde Murugayan hiidhaa umurii guutuun akka adabamtuuf gaafataniiru, abukaatooti ishee garuu yeroo sanatti miira gaddaa keessa akka turtee fi dhibee xiinsammuu OCD jedhamu waan qabduuf adabbii hidhaa gabaabaa akka argattuuf gaafatan. Abbaa warraa ishee, qondaala poolisii Kelvin Chelvam fi harmee ishee irrattis himanni adda addaa dhiyaateera. Chelvam bara 2016tti hojii poolisummaa isaa irra dhorkamuu miidiyaan biyyattii gabaaseera. Roobii irratto Ministeerri Humna Namaa Singaapoor Joosefiin Teyoo, Addee Piyaang oggeesota fayyaa hedduu bira deemtus, dhaabbati ishee qacare ishee daawwatus haalli isheen keessa turte hin baramne jetti. Yeroo tokko ogeessi fayyaa madaa ishee argus Adde Murugayan garuu yeroo hedduu gulantaa ittin gamoo ba’an irra kukkufti jechuun himtee turte. Teo’n gochi kun “kan nama naasisudha” jechuun hojjettoota manaa biyya biraa irraa dhufan kunuunsuuf waggooti dhiyoo keessatti qajeelfamoonni kaa’amuu ibsiteetti. Ministeerri ishees akkaataa itti ogeeyyiin fayyaa gabaasa meedikaalaa kennan qorachaa jiraachuu fi ogeeyyiin fayyaa kun mallattoo dararaa yoo argan “itti gaafatamummaa” poolisiitti gabaasuu akka qaban rippoortarootatti himteetti.
Ministeerri ishees akkaataa itti ogeeyyiin fayyaa gabaasa meedikaalaa kennan qorachaa jiraachuu fi ogeeyyiin fayyaa kun mallattoo dararaa yoo argan “itti gaafatamummaa” poolisiitti gabaasuu akka qaban rippoortarootatti himteetti. Singaappoor keessa hojjettoonni manaa biyya biraa irraa dhufan 250,000 ta’an kan jiran yoo ta’u, hedduun isaani biyyootii akka Indooneshiyaa, Miyanmaar fi Filippiins irraadha. Yakkootni dararaa akkanaa waan haaraa miti. Bara 2017tti jaalalleewwan hojjettuu isaanii Filippiinsi irraa taate beelessuun hidhamaniiru. Bara 2019’tti ammoo lameen (couple) hojjettuu isaani Miyanmaar irraa taate dararuun hidhamaniiru.
Rogeettiin mirga dubartootaa Sa’ud Arabiyaa beekamtuun hidhaarraa gadhiifamte Lujehin al- Hatlool qabsooftuu mirga dubartootaa beekamtuu hidhamtee turte mana hidhaarraa gadhiifamuu maatiin ishee himan. Dubartiin ganna 31 Hatlool, dubartoonni Sa’ud Arabiyaa keessatti konkolaataa konkolaachisuun akka danda’amu sochii gaggeessiteen adda durummaan beekamti. Hatlool bara 2018 dubartoonni konkolaataa akka hin konkolaaachifne dhorkaan ture kaafamuu torban tokko dura qabamtee hidhamte. Mudde baruma sana keessa manni murtii sirna siyaasaa jijjiruuf barbaaduu fi seera hawaasni ittin bulu balleessite jechuun balleessaa irratti mure. Rogeettiin mirga dubartootaaf falmitu Hatlool hidhaa waggaa jahatti dhiyaatuun adabamtee, mana hidhaa eegumsa guddaa qabu keessa turte. Haata’u malee, waggaa lamaa fi ji’a 10’f hidhamte. Maatiin ishee mana hidhaati baatullee ''bilisa hin taatu, waggaa shaniif akka biyyaa hin baane dhorkamuu dabalatee, dhorkaawwan biroo irratti dabarfama,'' jedhan. Roobii kaleessaa garuu ''Lujehin qe’eetti deebiteetti!’’ jechuun obboleettiin ishee Linaa jedhamtu toora tiwitira ofirratti barreessite. Guyyoota 1,001 mana hidhaa turtee gadhiifamuu Roobii kan jalqaba himte obboleettii ishee turte. Obboleettiin Lujehin biroon Aliha jedhamtu ''jireenya koo keessatti guyyaa hunda caalu'' jettee barreessite. Saa’ud Arabiyaa keessatti Lujehin bara 2018 dubartoota rogeeyyii hedduu wajjin hidhamuu hordufuun, mallattoo garaagarummaa yaada ukkaamsu taate. Maatiin ishee akka jedhanitti jalqaba yeroo hidhamtu ji’oota sadiif addatti fo’amtee hidhamuu himan. Yeroo sanatti elektirikiin qabsiifamuu, miidhaa saalqunnamtii fi reebichaf saaxilamtee akka turte maatiin ishee himaniiru.
Yeroo sanatti elektirikiin qabsiifamuu, miidhaa saalqunnamtii fi reebichaf saaxilamtee akka turte maatiin ishee himaniiru. Sana booda yoo dararamuu ishee himaachuu dhiifte bilsa akka baatu itti himan jedhu maatiin ishee. Mootummaan Sa’ud Arabiyaa garuu dararaan maatin ishee irra qaqqabu himatan kamiyyuu fudhatama dhabsiisuun, ol iyyannaa mana murtiitti dhiyaate kuffiseera. Qondaaltonni biyyattii Hatlool rogeettii waan taateef otoo hin taane, dippilomaatota, miidiyaalee fi dhaabbilee biyyoota alaa wajjin hidhata qabaachuu isheef hidhamte jedhanii himatu. Gorsaan dhimma nageeenyaa Pirezidantii Ameerikaa Joo Baayideen kan ta’an Jaak Sulivaan, Hatlool hidhaarraa gadhiifamu akka ''waa gaarii tokkotti‘ ibsan.
Kana dura dhaabicha keessatti hoggantuu itti aantuu tahuun tajaajilaa turteetti.
Aggituu Guddataa: Dubartii Itoophiyaa Xaaliyaanitti re'ee horsiisuun gurra horte hojjetaan ishee ajjeesu amane Dubartiin Itoophiyaa waggaa kudhan dura gara Xaaliyaanitti baqachuun re'oota horsiisuun beekamtuu taate kaleessa galgala kutaa ciisichaa isheetti ajjeefamtee argamuu Imbaasiin Itoophiyaa achi jiru mirkaneesse. Akka miidiyaaleen Xaaliyaanii gabaasanitti, namni ajjeechaa isheen shakkamee hojjetaa isheen qaxarteefi hojii ishee gargaarudha. Imbaasii Itoophiyaatti hojjetaa dippilomasii ummataa kan ta'an Obbo Dassaalany Mokonniin BBC'tti akka dubbatanitti kaleessa ajjeechaan erga raawwate booda poolisiin qorannoo taasiseen baqataan Aggituutin mindeeffamee ture ajjeechaa raawwatu amaneera. Imbaasiin Itoophiyaa magaalaa Room jiru du'a isheetin gadda itti dhagahame fuula fesbuukii isaarratti ibseera. Ajjeechaan isheerratti raawwateen lammiileen Xaaliyaanii tiwiitara gubbaa gadda isaanii ibsaniiru. Qondaalli Itoophiyaas ajjeechaan isheerratti raawwate lammiilee Xaaliyaanii biratti naasuu uumu himan. Keessumaa isheen baqattoota gargaaruun waan beekamtuuf baqattoota birattii gadda uumuu dubbataniiru. Akka poolisiin jedhetti Aggituun biyya Xaaliyaanii bulchiinsa Tirentiinoo mana jireenyaa ishee naannawa Firaansilongo jedhamu keessatti duute argamte. Poolisiin Aggituu, dubartii umurii 42, kaleessa [Kibxata] galgala burruusaan mataa keessa rukutamtee ajjeefamu hin oolle jedhee shakkeera. Silaa guyyaa Jimaataa umriin ishii 43 guuta. Aggituun Kaaba Xaaliyaaniitti hojii daldalaa ofi jechuunis horsiisa re'ootaa kan eegalte yoo ta'u kanaanis beekkamtii guddaa argatte. Ittin milkooftes. Bakkeewwan biyyattii garaa garaa irraas dargaggoonni areera annan re'eerraa tolchitu baruuf dhufaa akka turan Deutsche Welle gabaaseera. Yeroo garaa garaatti doorsisi sanyummaa isheerra gahuu dubbataa turte. ''Fokkistuu, gurraattii jedhanii na arrabsu.
Bakki jiruus biyyakoo akka hin taane natti dubbatu,'' jechuun wantaa ishee mudatu ibsaa turte. Doorsisa sanyuummaa yeroo ishee quunname dubbattetti pirezidantiin mana maree bulchiinsa isheen keessa jiraattu Ugoo Roosi mormanii bira dhaabatanii ture. ''Aggituun baqattuu taatee bulchiinsa keenya jala hojii horsiisa [re'ee] eegaluun ishee deeggarsa taasisuu Tirentinoo agarsiisa,'' jedhanii turan. Haa ta'u malee, ajjeechaa isheerratti raawwatef hojjetaa isheetu shakkame. Waa'ee ajjeechaa Aggituurratti raawwate gaazexoonni Xaaliyaanii hedduu gabaasaniiru. Guyyaa ajjeechaan irratti raawwate Aggituun mahaandisoota waliin lafa qonnaa ishee babal'isuuf beellama qabdi turte. Beellamaarratti argamuu dhabuu isheerraa kan ka'e ollaa ishee keessaa tokko kan ta'an gara mana ishee deemanis kutaa ciisichaa ishee keessa kuftee akka ishee argan gaazexaan Corriere Della Sera gabaaseera. Poolisiin ergasii ajjeechaa ishee qoratuu eegale. Ajjeechaa isheetin shakkamee to'atamuun poolisiin kan qoratame baqataan lammii Gaanaa jecha poolisiif kenneen ajjeechaa raawwatuu isaa amanuu gaazexichi qondaaltota poolisii waabeffachuun gabaaseera. Baqataan lammii Gaanaa kuni waggaa sadiif Aggituu biratti mindeeffamee dalaguu hime. Akka sababaattis kanfaltii isaaf raawwattu dhabuu himuun isaa ibsameera. Sababni dabalataa biroo jiraachuun ammatti hin beekamne. Aggituu Guddataan dhalattee kan guddatte magaalaa Finfnnee keessattidha. Akka gabaasa Rooyitarsitti, Aggituun bara 2010 magaalaa Finfinneetti 'saamicha lafaa' dhaabbilee idil - addunyaan taasifamu erga mormitee booda mootummaa baqachuun Itoophiyaati gara Xaaliyaanii baqatte. Barnoota Sooshiyolojiin digirii kan qabdu Aggituun jireenya ishii Kaaba Xaaliyaani naannoo Tireentinoo garreen Valle dei Mocheni gochuun jiraataa turte.
Barnoota Sooshiyolojiin digirii kan qabdu Aggituun jireenya ishii Kaaba Xaaliyaani naannoo Tireentinoo garreen Valle dei Mocheni gochuun jiraataa turte. Bakki kuni Xaaliyaanii Jarmaniitti daangessa. Lafi ummataa daggalatti akka hin jijjiiramne seera eeyyamu fayyadamuun gaara namni itti hin jiraannetti re'oota horsiisuu eegalte. 'Re'oota 15 horsiisuun eegale. Amma re'oota 180 qaba,' jechuun waggaa lama dura Rooyitarsiif dubbatte. Hojii akka ishee gargaarus baqataa akka ishee mindeessite. Halkan sa'aatii 5:00'tti ka'un re'oota elmuun ala hanga galgalaatti tiksuufi waan isaan barbaachisu guutuun hojii cimaadha. Kanuma keessa garuu milkaa'un ishee hawaasa keessa jiraattu biraa kabajaa horatte. Aggituun annan re'eerraa areera tolchaa gurgurti. Dabalataan, areerarraa daabboollee tolchaa turte. Daldalli ishee maamiltoota horatee ture. Re'een isheen horsiistus gosa re'ee baduuf gahaniifi Pezzata Mochena jedhamanidha. Hojiin ishee kunis baqattoota hawaasa waliin makuun jireenya fooyya'aa akka jiraachuu danda'an agarsiisee ture. Imbaasiin Itoophiyaa ministeera dhimmi alaa Xaaliyaanii waliin ta'un ajjeechaan ishee qoratamee dafee ifa akka ta'uufi shakkamaan seeratti akka dhihaatu xiyyeeffannoon akka hojjetamu BBC'tti himaniiru. Dhaabbanni baqattoota Biyyoota Gamtoomanii (UNHCR) du'a Aggituun 'miidhamu' ibseera. Dhaabbatichi ibsa baasen hojiin ishee ''baqattoonni hawaasa isaan simateef hangam akka gumaatu danda'an kan agarsiisedha,'' jedheera. Dhaabbatichi dabalees, isheen boqottuus ''Aggituun fakkeenya milkaa'inaa'' jedhamuun leellifamti, seenaan yaadatamtillee jechuun ibse. Baqattoota jireenya isaanii tolfachuuf dhamahaniifis kaka'umsa jechuun hime.
’Saalaan looguun yoo dhiiroti qaama furmaataa tahan malee hin dhaabbatu’ Dhiiroti baayyee wal-qixxummaa koorniyaa akka deeggaran dubbatu-qaama furmaataa tahuunis maaliif hin deeggaran ree? Iyuujiin Haang feeministii (nama wal-qixxummaa koorniyaaf falmu) tahuusaatiin ni boona. Barsiisaan herreegaa Kaalifoorniyaa jiraatu addunyaan kun ijoollee dubaraaf kan akkamiiti gaaffiin jedhu kan isa yaaddessuu jalqabe waggaa 14 har’aa yeroo intallisaa jalqabaa dhalatte dha. Miidhaa saal-qunnamtii, doorsisa ajjeechaa karaa interneetaa dubartootatti hammaate ‘Uffatan uffadhuuf maaliifan adabamaa?’ Yeroo barataa kooleejii ture ijoolleen dubaraa mana kitaabaatii gara manaa yoo deeman akkatti rakkatan ni yaadata. ‘’Isaan qofaa deemuu yoo sodaatan, ani garuu nagumaan baheen gala ture. Akkan bilisummaa isaan hin qabne qabuufi sana hubachaa akka hin turre nan bare,’’ jedha Haang ‘’Akka nama hawaasa dhiiraaf loogu keessatti guddateetti faayidaa addatti argadhus hin qalbeeffanne ture,’’ jedha. Boodarra kana hubachuun mirga dubartootaaf akka falmu isa godhe. Marsariitii Abbootii Feeministii Eshiyaa hundeessuun keewwata dubartoota aangessu barreessuu jalqabe. Haang barreeffama mata duree garaagaraa qabu baasa. Fiilmiiwwan taatoo jabduu qabanii hanga pireezidantii itti aantuu Ameerikaa Kamlaa Heeriis fa’itti. Barreeffamoonni baayyeen eeyyama gaafachuu, qoccollaa saalaa bakka hojii fi haleellaa saalaa ilaallatu. Haang amantii jabaa dhiiroti mariiwwan akkasii irratti hirmaachuu qabu jedhu qaba. ‘’Dhiiroti waan hubachuu qaban, haleellaan saalaa %90 dubartoota irra gahu dhiirotaan raawwatama.,’’ jedha. ‘’Yeroo hedduu kuni dhimma dubartootaati jedhamee yaadama. Garuu haleellaa ykn miidhamni sun dhiirotaan raawwatama taanaan,rakkoon unu bira jira jechuu dha.
Kanaaf maaliif hin mari’annuree? Yaadaa fi gocha Ilaalchi dhiiroti wal-qixxummaa koorniyaa irratti qaban dhalootaa dhalootatti geeddaramee jira. Loogiin saalaan taasifamu garuu ammallee qaama jireenya guyyuu akka tahe dubbata. Akka addunyaatti dubartoonni harka 23 hojii wal-fakkaataa hojjetaniif kan dhiiraan gaditti kaffalamaaf jedha ragaan UN. Dubartoonni hojii mana keessaa fi kunuunsa maatiirratti sa’atii dachaa lama kan dhiiraa caalu dabarsu. Biyyoota 100 caalan keessatti dubartoonni gosa hojii akka irratti hin hirmanne dhorkamantu jira. ‘’Kuni dhimma dubartootaa qofa miti jennee yoo yaadne waggaa meeqa dura fala argata ture silaa,’’ jedha Haang. Dhimmoota kana furuun tumsa warra dhiiraa kan barbaadu tahus isaan garuu irratti hirmaachaa hin jiran jedha. ‘Sodaa maal naan jedhuu’ ‘’Dhiiroti ijoollummaarraa kaasee amala dubartootaa waan jedhamurraa akka fagaatan godhamaniitu guddatan,’’ jechuun marsariitii irratti kan barreesu immoo Ludoo Gaabri’eel dha. ‘’Kanaaf iddoo hojiifi aangoon jirutti yoo dubartii deeggarte akka gantuutti ilaalamta,’’ jechuun BBCtti hime. Gaabri’eel waldaa MARC jedhamu kan dhiirota jijjiirama dhugaaf akka hojjetan jabeessu keessa hojjeta. Waldichi dhiirotiifi dubartoonni loogii saalaa iddoo hojii furuu akka danda’an deeggara. MARC bu’aa dhaabbata qorannoo Catalyst jedhamuuti. Dubartoota hoggansaaf aangessuurratti waldaa kaayyefate dha. Hirmaannaa dubartoonni siyaasa Itoophiyaa keessatti qaban Sa'uudiin garee kubbaa miillaa dubartootaa hundeessuuf Catalyst qorannoo 2020tti taasiseen dhiiroti Kaanaadaa 1500 tahan saalaan looguu iddoo hojiitti mul’atu dhaabsisuuf maaliif homaayyuu akka hin goone gaafatee ture. Kanneen keessaa harki 86 amala loogii saalaa kana dhaabsisuuf fedhii qabu. Harki 31 immoo dhaabsisuuf tarkaanfii akka fudhatanillee ofitti amanu.
‘’Qorannoon keenya danqaawwan ijoo sadii adda baaseera: wallaalummaa,dhimma dhabuu fi sodaa,’’ jetti pireezidantiin dhaabichaa Aliiksaandiraa Poolaak. Gama sodaatiin :’’dhiiroti biroo maal naan jedhu kan jedhu yoo tahu kaanimooo hiriyyootaa fi iddoo hojiitti kabaja dhabuu dha,’’ Gaabri’eelis: ‘’sodaan kun warra akka kee tahan keessaa fo’amuu sodaachuu, dhiirota biroofi keessumaa aadaa dhaabbataa sodaachisaa tahe cabsuu sodaachuu dha. Haa tahu malee sodaan eessaan jalqaba jedhus jira. Sababiinsaa dhiiroti yaada gaarii qaban garummoo dogoggora hojjechuun qollifamuu hin barbaanne jiru.’’ 'Battala waa siif ifu' Rakkoolee kana furuuf MARC dhaabota biroo waliin tahuun hojjettoota leenjii yeroo gabaabaa fi waggaa tokkoof turu kenna. Barsiisni kennamu jalqabarratti ‘namoota hin beekne’ xiqqoo gammachiisuu dhiisuu danda’a jedhe hirmaataan tokko. ‘’Garuu takkaa qaanofteet bira tarta,kunimmoo muuxannoo barnootaa gaarii dha,’’ jedhe. Dubartiin tokko yeroo leenjii kanaa muuxannoo argatte himti, ‘’dubartoonni kana dura qoccollaan saalaa ykn amalli sirrii hin taane dhiirootaan isaanirra gahee beeka yoo taheef kutaa biraa akka galan gaafataman. ‘’Dubartoonni hundinuu kuticha galan. Mudannoon sun baayyee na barsiise. Dhiirri leenjii sana fudhate battala sana ni irraanfata jedhee hin yaadu,’’ jetti. ‘’Warra dhiiraaf dubartoonni hundi qocollaan saalaa nurra gahee beeka jechuun ajaa’iba ture. Waan hubatan natti hin fakkaatu garuu dhugaa lafa jiru dhas,’’ jette. ‘’Arba mana keessa jiru’ Dhiiroti kanneen akka Haangifi Gaabri’eel dhiiroti biroo ‘’qaama rakkinichaa tahuu baranii, qaama furmaataa akka tahan,’’ fedhu. Mata dureen keewwata marsariitii Gaabri’eel ‘’falmataa mirga dubartootaa tahuufi maaliif akka barbaachisu,’’ jedha Gaabri’eel keewwata marsariitii ‘Abbaa Dammaqaa’ kan barreessuu jalqabe erga intallisaa Soofiyaa bara 2017tti dhalatteen booda dha.
Hojiisaa dhaabbata daariktara tahee hojjeturraa gadhiise. Yeroos nama ganna 31 yoo tahu mana, haadhawarraa fi mucaa dhiiraa qaba. Garuu miira milkaa’inaa hin qabu,’ni gadadama ture.’ Baangilaadesh namoota gudeeddiin yakkamaa tahan du’aan adabuuf Firaansi kanneen 'qorannoo durbummaa' taasisan adabuuf Boodarra, Gaabri’eel gammachuu dhabuunsaa kan dhufe ‘sanduuqa dhiiraa’ keessa jiraachuurraani jedha. Dhiirummaan ilaalcha dhiphaa miira ibsachuu dhiisuu, hojiifi kabajaaf dhugaa ofii caalaa iddoo kennuufi gahumsa saala faallaa ija shakkiin ilaaluu dha jedha. Qorannoon dhaabbata Men+Care and Promundo kan dhiirummaa fayyaalessa tahe jabeessuu, abbootiin harki 85 biyyoota torbaa (Biraaziil, Arjantiinaa, US, UK, Kaanaadaa, Neezarlaandiifi Jaappaan daa’ima isaanii kunuunsuuf waan tahu hunda akka godhan dubbatu jedha. Haa tahu malee harki caalu erga mucaan isaanii dhalatee booda hojiisaaniirraa boqonnaa hin fudhanne. Kanaafimmoo waa’ilootaafi hogganoota boqonnaa akka fudhatan hin goone komatu. ‘’Maatiif filannoo kennuu’ Joosh Leevis, dhimma daldalaa fi koorniyaa irratti ogeessa beekamaa dha. Ragaa mul’atuun faallaatti, hogganooti ‘’dhiiroti dhibaawoo fi hojii hin jaalatan,’’ jedhanii amanu jedha. Leevis kitaabasaa ALL-In jedhamuun Mootummota Gamtoomaniin beekamtii argateera. Abbootiin boqonnaa yeroo gaafatan hin amanaman ‘’galanii miila walirra naqatanii kan TV ilaalan itti fakkaata,’’ jedheera. ‘’Sirna dubartooti mana akka turan, dhiirotimmoo waajira akka dabarsan godhu qabna,’’ jedhe. Kana jechuun hawaasni seerotaa fi imaammata boqonnaa abbootii dhorkan hambisuufi carraa dubartootaafi dhiirota qixxee kennan akkasumas ilaalcha loogii koorniyaa dhaabsisan baasuu qaba jedha. ‘’Isa hin furru taanaan iddoo hojiitti carraa qixxee kennaa hin jirru,’’ jechuu dha.
‘’Isa hin furru taanaan iddoo hojiitti carraa qixxee kennaa hin jirru,’’ jechuu dha. ‘’Sirni akkanaa namootaaf qofa osoo hin taane daldalaafillee gaarii miti,’’ jedha. ‘’Maatiidhaaf filannoo eenyu ijoollee haa kunuunsu,eenyu hojii haa hojjetu, yoo kennine daldalli ni foyya’aa, diinagdeen ni foyya’aa hawaasni fi maatiinillee gaarii tahu,’’ jedha Leevis.
Kaandiis Maamaa: ‘Nama abbaa kiyya ajjeesen ofitti qabee hammadhe' Kaandiis Maamaa abbaanshee haala sukkaneessaan ajjeefamuu kan argite umriishee waggaa sagalitti ture. Gadadoo sababa ajjeefamuu abbaasheetiin keessa seente garuu waggoota booda waan biraadhaan jijjiirteetti. Kandiis waggaa hedduu booda nama abbaashee ajjeese, kan gocha hammeenyummaa isaarraa kan ka'e maqaan masoo ''Prime Evil'' jedhu kennameef barbaaddee dhiifama gaafachuu kaayyeffatte. Namni kun maqaansaa sirriin Eugene de Kock jedhama. Abbaan Kandiis, Glenack Masilo Maamaa wayitasheen dhalattee reefuu ji'a saddeet jirtu irraa ajjeefame. Kaandiis Maamaa bara 1991 Afriikaa Kibbaatti dhalatte. Yeroo ammaa umriinshee waggaa 29 kan ta'e Kaandiis, ajjeefamuu abbaashee fi eenyuun akka ajjeefame ijoollummaasheerraa kaastee ni beekti turte. Kan abbaashee ajjeese, Eugene de Kock, garee poolisii namoota sirna appaartaayidiin morkan dararu keessatti komaandara ta'uun ajajaa ture. Kandiis waa'ee ajjeefamuu abbaashee fi dararaa irra ga'aa ture haadhasheerraa dhagahaa guddatte, wayita umriinshee waggaa sagal ga'uu garuu ofumaan kitaaba ''Into the Heart of Darkness-Cofessions of Apartheid Assassins'' jedhamurraa argite. Kitaabni kun namoota qabsoo farra appaartaayidii keessatti qooda olaanaa gumaachaa turan irratti xiyyeeffatee kan barreeffame yoo ta'u, abbaanshees appaartaayidii dura dhaabbachuu keessatti nama qooda guddaa gumaachan turan. Kandiis waan kitaaba kanarraa argite haadhasheetti himaa hin turre. Miirri fi aariin isheetti dhagahamu ammoo gara hamaatti deemuu eegale. Garuu ciminaa fi kutannoo abbaanshee qabaachaa ture dubbisuun ittiin jajjabaachaa turte. Garuu aarii fi yaaddoon waa'ee abbaashee akkaan ishee miidhuu eegale.
Umriishee waggaa 16tti Kandiis lapheeshee keessa dhukkubfattee mana yaalaa deemtee wayita turte, dhibee onneen qaba seetee baay'ee rifattee turte. Akka Kandiis jettutti keessi ishee rakkoo dhibiidhaan miidhamaa fi gubataa waan jiruuf of-ilaaluu akka qabdu doktarri yaada laateeraaf. Isheenis rakkoon nagaa ishee dhowwaa jiru, keessaa isheetii boqonnaa akka ishee dhowwaa jiruufi rakkoo kana qabattee fuulduratti deemuuf abdii akka kutatte erga hubattee booda haalashee jijjiiruuf dirqamte. Kandiis kan keessasheetii ishee gubee miidhaa irraan ga'aa jiru, yaada abbaashee ta'uu hubatte, akkaataa ittiin waan kanaaf furmaata laattu irratti hojjechuu eegalte. Afriikaa Kibbaatti bara 1995 keessa erga Pirezidaanti Neelsan Mandeellaan filatamanii booda maqaan namoota qabsoo farra sirna Appaartaayidii dura dhaabbatanii sakaalaaa turanii fi qabsaa'ota dararaa turanii guutummaan barraa'ee maxxanfamee ture. Kandiis barreeffama sana keessaa maqaa nama abbaashee ajjeesee barbaaddee argatte. Yeroo muraasa booda murtee namni irraa hin eegne murteessite- nama lubbuu qaalii abbaashee galaafateef dhiifama gochuu. ''Gara jalqaba akka haalootti ba'ummaatti eegale. Wayitan waa'ee nama kanaa yaadu akka waan na to'atee jiruuttan yaada. Na rifachiisa. Miira kiyya keessaan ba'a. Namni abbaa kiyya galaafate anallee waan dhiisu natti hin fakkaatu. Kana hundaaf furmaati dhiifama. Dhiifamni waanuma amma goonee dhiifnu osoo hin taane waan yeroo hunda akkaan barbaachisuudha.'' jette Kandiis. Shamarree umriinshee kurna keessa jiru taatee garuu miirashee to'achuu dandeesseetti Kandiis. ''Miiran Eugene'f qabuu fi taatee raawwate wayitan hir'isaa deemu, nama kanaafis akkan dhiifama gochuu qabutu naaf ife.
''Miiran Eugene'f qabuu fi taatee raawwate wayitan hir'isaa deemu, nama kanaafis akkan dhiifama gochuu qabutu naaf ife. Anaaf dhiifama jechuun kanadha. Taatee uumameefi miira keenya dagachuu qofa osoo hin taane nama itti mufaneefis dhiifama gochuutu nu fayyisa'' jetti Kandiis.
MM Fiinlaand mootummaa dubartootaan hogganamu dursitu Ministira muummee Fiinlaand tahuun filamuun mootummaan waloon ijaarame kan dubartootaan hogganamu kan dursitu dubartiin kun xiyyeeffannaa namoota danuu hawwatte. Gareen ministira muummee kanaan hogganamu weerara koronaavaayirasii to’achuun leellifamullee, kaan immoo seen-duubeen ykn ilaalchi baratamaa hin tahiin dubartiin kun qabdu seerota biyyatti ‘boodatti hafoo’ ta'an geeddaruuf ishee rakkisaa laata waan jedhu gaafachaa jiru. Ministirri muummee Sanaa Maariin mootummaa isheef akka mallattoo kan tahe 'sagantaa wal-qixxummaa' irratti kora waamteetti. Isheen haasa xixiqqaaf bakka hin kennitu garuu eenyutu cidhaa booda torbee jalqabaa hojiitti deebi’a? Boqonnaan gabaabaa yeroo weerara dhukkubaa keessa fudhatteen iddoo hin beekamnett abbaa mucaa isheetti heerumuuf fayyadamte. Sanaa Maariin wayyaa aadaa Fiinlaand uffattee abbaa warraa ishee taphataa kubbaa miilaa waggaa 16f jaalallee ishee ture Maarkas Reekooniin hammattee fuula dhuunfaa Instaagiraamii irratti suuraa maxxansite. Kana dura mucaa ishee Emaa otoo hoosiftuus maxxansitee turte. Suuraan ishee kun akkuma addunyaatti intarneetii gubbaa baayyee qoodamaa ture. Masaraa mootummaa iddootti kaabineen mootummaa wal-gahu gaazexeessitoonni eegaati jiru. ‘’Waanin isaanitti dubbadhu dursee hin qopheessu,’’ jette Sanaan eegduu ishee dubartii duubashee adeemtutti. ‘Waan na gaafatan, anis dhugaasaan deebisaaf,’’ jette. Torbee kana waa’ee jireenya dhuunfaa ishee baay'ee gaafatamuu dandeessii? ‘’Lakki, waa’ee dhimmoota adeemaa jiranii beekuu barbaadu, tarii dhumarratti gaafachuu danda’u,’’ jechuun ofiif deebiste. Rippoortaroonni muraasni maaskii keewwataniiru, kaan immoo sagalee waraabduu qabataniiru.
Waltajjiirra bahuushee eeggachaa jru. Iddoo walgahii dursee kan gahe ishee yoo taatu, miidiyaan Fiinlaand akkuma isheen jette dhimmoota garaagaraa ishee gaafatan. Sa’atii afur booda gara alaatti yoo baatu, ammas rippoortarootatti haasa’uuf dhaabbatte. Xumurtee yoo baatu namni ishee boodatti hafe hin turre. Hunda dursitee dhuftee, hunda booda baate. Suuraan Sanaa Maariin kan baay’inaan intarneetii gubbaa qoodame guyyoota 200 dura kan guyyaa jalqabaa hojii eegaltu kaate ture. Dubartiin ganna 34 MM Fiinlaand kan umuriin xiqqaa jalqabaa tahuun kan filatamte dubartiin seeqqachaa hoggantoota mootummaa kan waliin dhaabbattee mul'atti. Hundi isaaniitu dubartoota turan. Kaabinee ishee waliin waltajjiirra dhaabbattee warra itti yaa’ee suuraa ishee kaasu hunda akka dhaloota dargaggootaa bakka buutuu fi warri Fiin eenyu akka taane carraa addunyaatti agarsiisnu dha jette. Ergaan ishee warreen naannoo siyaasa durii hin leellisne qaqqabe. Artistiin gitaara taphatu Tom Morello suuraa ishee maxxansee hojii isaa akka isheen dinqisifattu barreessinaan isheenis ‘poostii’ ykn maxxansa isaa ‘Like’ goote. Mata dureewwan ishee waliin wal-qabatan ariitiin miidiyalee waliin gahan. ‘’Yeroon Feeminizimii Finlaand dhufe’’ ‘’Paarlaamaa Fiinlaand: wal-qixxummaa dubartootaan dura bu’aa ta'e’’ ‘’Bulchiinsa dubartootaa: kana eegaati turre’’ Yaadoti saalaan loogan illee turan, fakkiiwwan dubartoonnii otoo qaama dhiqatanii yeroo murtoo dabarsan faa. Biyyi dubartoonni qofti bulchan jirti yoo jedhame isheen Fiinlaand dha. Bara 1906tti dubartootaaf mirga filachuu kennuun biyya addunyaa jalqabaa taate, biyyooti lixaa baay'ee hanga waraanni addunyaa jalqabaa xumuramutti mirga kana dubartootaaf hin kennine ture.
Waggaadhuma itti aanutti dubartooti 19 paarlaamaaf filataman. Bara 2000tti Fiinlaand pireezidantii dubartii ishee jalqabaa filatte Taarjaa Haaloneen. Ministira muummee Aneelii Jaateenmaakii bara 2003tti filatte. Bara 2019tti paartii ishee 'Centre-left Social Democratic Party', irraa filamtee ministira muummee ishee dura ture kan lagannaa hojii biyya keessa tureef akkatti deebii kenneen qeeqamu bakka buute. Yeroo filamtu hoggantuu biyyaa umriidhaan xiqqoo turte, maaltu akka ishee eggatus namuu hin beeku ture. Sanaa Maariin dubartoota 100 BBC’n bara 2020 keessa dhiibbaa uuman jedhee filate keessaa tokko dha. Gaafa Bitootessa 11 Dhaabbnni Fayyaa Addunyaa Covid19’n weerara addunyaa jechuun labse. Kaabineen Maariin garuu yeruma vaayirasichi dhalate qophii turan. Gaafa Bitootessa 16 Fiinlaand namuu manaa akka hin baane uggura labsite. Murtoon kun gama miidiyaan qeeqamus uummanni garuu deeggareetu ture. Uummatni Fiinlaand marti mana akka turan, namni mallattoo xiqqoollee agarsiise akka qoratamuu fi ogeeyyii fayyaa waliin walgahiin gama intarneetiin yeroo yerootti akka taasifamu qajeelfamni kenname. Sanaa Maariiniifi waa’ilooti ishee gameeyyiin torbeetti waa’ee dhukkubichaa ibsa kennu, gaaffii lammiilee fi gaazexeessitoota irraa fudhatu. Ijoolleerraas gaaffii fudhachuuf haala mijeessanii turan. Ministirittiin leellifamtee, hoggantoota Taayiwaan, Jarman, Niiw Ziilaand weerara kana haalaan to’atan waliin maqaanshee dhahame. ‘’Biyyooti dhiiraan hogganaman kan weerara kana to’achuun hojii gaarii hojjetan jiru,’’ jechuun BBCtti himte. Kanaaf kun waan koorniyaa irratti hundaa’u natti hin fakkaatus jette.
‘’Biyyoota dhimma kanaan waan gaarii hojjetan irraa barachuu qabnas,’’ jette. Fiinlaand uummata miiliyoona 5.5 kan qabdu yoo tahu, namoota 370 qofatu sababii koronaavaayirasiin du’e. Kana jechuun nama miiliyoona 1 keessaa nama 60 jechuu dha. Lakkoofsa namoota UK keessatti du’an harka 10 caala xiqqaata jechuu dha. ‘’Fiinlaanditti waan barannu tokko waan saayintistoonni jedhan dhagahuun beekumsa jiru fayyadamnee yeroo baay'ee rakkisaa tahe keessatti murtoo jabaa taasisaa turre. Kanaaf innis barbaachisaa dha,’’ jette Sanaa Maariin. ‘’Uummata wal-amantaa irratti hundaa’e qabna. Uummanni mootummaa fi sirna demookiraasii amana.’’ jette Baatii Waxabajjii keessa dhimma salphina baasii mootummaa waliin wal-qabatee ministirri mummee itti aantuun aangoo gadhiiste. Fulbaanatti dubartii biroo Annikaa Saarikko jedhamtuun bakka buufamte. Addabaabaayitti tokkummaa haa qabataniyyuu malee gamticha keessa wal-dhabdeen jira ture. ‘’Paartiin kamiyyuu karaa mataasaan qofa deemuu hin danda’u,’’ jette Ministirri Barnootaa fi hoggantuun paartii Left Alliance ganna 33 Lii Andarsan. ‘’Yeroo tokko tokko namoonni dubartii gatii taateef qofa imaammata haala barbaaddeen kan gootu, dubartii gatii taateef qofa kan daftee waan jedhame hundatti waliigaltufi kaanis kan gootu itti fakkaata garuu dubbiin akkas miti,’’ jette. Yeroo dargaggummaa ishee Maariin abbaa warraa ishee fi mucaa ishee Emaa waliin iddoo Keseraantaa jedhamu jiraachuu feeti, isas dhugoomsitee turte. ‘’Siyaasaa fi nama siyaasaa tahuun garuu waan kanarraa fagoo dha. Iddoon jiraachaa ture irraa addunyaa addaati jiraachaa jira,’’ jetti. ‘’Akkuma maatii lammiilee Fiinlaand biroo, seenaa gaddisiisaa qaba,’’ jechuun bara 2016tti marsariitii dhuunfaa isheerratti barreeffama maxxansitee turte.
Magaalaa Pirkkaalaa jedhamtu kan kibba-lixa biyyattiitti argamtu keessatti yoo guddattu, haatishee abbaashee dhugaatii baay'isu waliin wal hiiktee qofaa ishee guddiste. Kanaaf Sanaa Maariin maatii ishee fi of deeggaruuf hojii gurgurtaafaa hojjetti ture. Deeggarsa mootummaan kennuunis fayyadamaa turte. Barsiistuunshee mana barnootaa sadarkaa lammataa ‘barattuu gidduugaleessaa’ ishee jettiin ture. Isheenis qabxii ishee fooyyessuuf jecha hojii manaa dabalataa akka kennamuuf gaafatti ture. Gama siyaasaan dammaquu kan jalqabde yeroo umriinshee digdamoota keessa ture dha. Of foyyeessurra darbitee kaaniis gargaaruu akka dandeessu hubatte. Akeekni mootummaa Maariin duuba jirus kanuma dha, sagantaa wal-qixxummaa. Hojii mana keessaa dhiiraafi dubartiin qixxee hirmaachuu, haleellaa saalaa mana keessaa dhabamsiisuu, garaagarummaa kaffaltii dhiiraafi dubartii gidduu jiru duuchuu, barnoota ijoolle harka qalleeyyii fi godaantotaa fooyyessuu fa’a. Dhimma koorniyaa ofii geeddarachuun walqabatu irrattis haaromsi taasifamaa jira. ‘’Namni kamiyyuu eenyummaa ofii murteessuuf mirga qaba sagantan keenyi immoo kana ni deeggara,’’ jetti Sanaa Maariin. Baatii Ebla keessa weerara koronaa to’achuu isheef deeggarsa harka 85 argatteetti. Isheen garuu lakkoofsa akkasii hin ilaaltu. Haa tahu malee yeroo mormii Black Lives Matter garuu sagantaan wal-qixxummaa ishee dhimmoota garaagaraa irratti hojjetus dararaa namoota gurraachaaf beekamtii kennuurraa hanqata jedhamuun qeeqamteetti. Bara 2019 keessa gabaasni Gumii Awurooppaa namooti sanyii Afrikaa qaban harki 63 Fiinlaanditti qocollaa sanyummaa irra gaha jedha kunimmoo Awurooppaa keessatti isa guddaa dha. Ammallee paarlaamaa Fiinlaand keessa miseensa gurraatti tokko Beellaa Farguusan jedhamtu qofatu jira.
Ammallee paarlaamaa Fiinlaand keessa miseensa gurraatti tokko Beellaa Farguusan jedhamtu qofatu jira. Maariyaa Ohisaaloon nama ganna 35 yoo taatu Liigii Magariisaa Fiinlaand hogganti. Mootummaan kun daneessummaa jajjabeessuu qaba kan jedhutti waliigalti. ‘’Dubartoonni adii barnoota olaanaa qaban shan uummata hunda bakka hin bu’an. Waa’ee wal-qixxummaa odeessina taanaan ammallee gahaa miti,’’ jetti. Haa tahu malee kun itti gaafatamummaa ishee qofa osoo hin taane kan lammii Fiinlaand hunda akka tahe himti. Sagantaan wal-qixxummaa illee sadarkaa hawaasa gurraachaa akka foyyeessuuf gargaaruu himteetti. ‘’Hundi keenyi sagantaa bahe gara hojiitti geeddaruu irratti xiyyeeffachuu qabna,’’ jetteetti.
Miseensonni paarlaamaa kaan dubartoonni hedduminaan filannoo irratti akka hirmaatan haa jajjabeeffaman yoo jedhan, kan hafan ammoo lakkii teessumni muraasni addatti dubartootaaf qofaa haa murtaa'u jechaa jiru.
Mormii Beelaaruus: Maanguddoon waggaa 73 namoota hidhaman keessa jiru Poolisoonni Beelaaruus dubartoota pirezidaantii biyyatti bara dheeraaf biyya bulchan aangoo akka gadhiisaniif mormii dhaggeessisuuf adabaabaayiitti bahan dhiibbaatamaan lakkaa'aman to'annaa jala oolchaniiru. Dubartoota to'annaa jala oolfaman keessaa Ninaa Baahinskaayaa maanguddoonni waggaa 73 fi sochii mormiitiif fakkeenya taatee ni argamti. Mormiin ummataa kunis erga pirezidantiin biyyatti filannoo mo'achuu beeksiisanii kaasee waliitti fufinsaan Dilbatawwan jahaaf gaggeeffamaa jira. Pirezidanti Lukaashenkoo kan waggoota 26 darbaniif Beelaaruuf hoggananan filannoo Hagayyaa 9tiin sagalee caalmaan mo'achuu akkuma beeksiisanii ture mormiin kan eegale. Mormii Dilabataa kanas irra caalaansaanii dubartoota kan ta'aaniifi kan ummanni gara kuma 200 irratti argame gaggeefameera. Battalumattis poolisoonni daandii mormitootaa cufuun namoota tokko tokkoon to'achuu eegalan. Poolisoonni mormiitoota baayyee to'achuurraa kan ka'e iddoon waan dhiphateef dubartoota muraasaa gadhiisaa jiraachuu, maddi oduu AFP gabaaseera. Haaluma kanaanis Aaddee Baashinskaayaan buufata poolisiitti erga geeffamaniin booda gadhiifamaniiru jedheeras. Warraabbiin viidiyoo marsariitii walabaa Tut.by jedhamuun maxxanfamee tokko akka agarsiisetti, qondaaltoonni poolisii maanguddoo tana wayita konkolaataa keessa galchuuf dhiibaniitti kaan ammoo alaabaafi ilillii mormatti kaawwatte turte irraa ciraa turan. Walumaa galattis dubartoota 300 olitu to'atamee jechuun gareen mirgoota namoomaa 'Viasna' jedhamu beeksiiseera. Poolisiin garuu kanarratti homaa hinjenne. Mormiin kunis dubartoota sadiin kan hogganamee yoo ta'u, isaan keessaa Maariyaa Kolesikovaa qofaatu mana hidhaa hinbu'in hafe.
Mormiin kunis dubartoota sadiin kan hogganamee yoo ta'u, isaan keessaa Maariyaa Kolesikovaa qofaatu mana hidhaa hinbu'in hafe. Isheenis guyyaa aanga'oonni biyyaa akka baatuuf dhiibbaa irratti taasisan diduun paaspoortii ishee wayita baqaqsiiteetti, walitti bu'iinsa kakaasuufi nageenya biyyaa diiguun himatamte. Sivetlaanaa Tikhaanovskaayaa kan akka paartii mormiituutti faallaa pirezidaantii biyyattii dhaabbattee, filannicha kan mo'atee ishee ta'u dubbatte turte. Kanaaniis biyyaa akka baatuuf dirqisiifamte. Isheenis Wiixata har'aatti ministiroota dhimma alaa Gamtaa Awurooppaa fi dippilomaatoota waliin akka mari'attu eegama. Dubartoota mormiicha hogganan sadan keessaa isheen biraa Veronikaa Rsepkaaloon ammoo gara Riippablika Soviyeetii duraniitti akka baqattu taasifamte jirti.
Dubartootaafi Barnoota: 'Dubartoonni milkaa'ina xixiqqaan dhaabbachuu hin qaban'- Ubaa Aadam (PhD) Dhaabbilee barnoota ol'aanoo Itoophiyaa keessatti dubartoonni sadarkaa hoggansa olaanoorratti argaman lakkoofsaan baay'ee xiqqaadha. Keessattuu sadarkaa pireezidaantummaa yuunivarsitootaatti dubartoonni muudaman hedduu xiqqoodha. Haata'u malee, yuunivarsiitonni biyyattii keessa jiran lama--Yuunivarsiitii Maqaleefi Yuuinvarsiitii Dirree Dawaa--gidduu kana pireezidaantota dubartootaa argataniiru. Isaan keessaa kan dhiyeenya Pireezidaantii Yuunivarsitii Dirree Dawaatti ta'an seenaa isaanii, bu'aa ba'ii keessa darban, gaggeessummaafi dubartummaa maal akka ta'eefi dhimmoota biroo irratti BBC waliin turtii taasisaniiru. Pireezidaantiin Yuunvarsitii Dirree Dawaa eenyu? Pireezidaantiin haaraa Yuunivarsiitii Dirree Dawaa kun maqaa isaaniin eegaluun akka itti aanu kanaan seenaa isaanii ibsu. Maqaan kiyya Ubaa Aadam jedhama. Godina Harargee Lixaa magaalaa Machaaratti dhaladheen guddadhe. Barnoota kiyya sadarkaa jalqabaa magaalaa Machaaraatti baradhee xumure, barnoota sadarkaa lammaffaa ammoo magaalaa Galamsootti baradheen xumure. Qormaata Kutaa 12ffaatti qabxii ol'aanaa galmeessuun Yuunivarsiitii Finfinneetti Muummee Saayinsii Hawaasaatti ramadame. Barnoota sadarkaa lammaffaa yeroon barataa turtetti barattuu Saayinsii Uumamaan ture. Ta'us garuu yeroon yunvarsiitti ramadamu Muummee Barnootaa Ikoonomiksiifi Biizinasii barachuu ture fedhiin kiyya. Yeroos biyyattii keessatti yunivarsiitileen jiran saddeeti qofaa turan. Anis Yunivarsiitii Finfinnee filannoo saddeetaffaarrattin guute. Fedhii kiyya kan ture yuunivarsiitiiwwaniifi muummee barnootaa tokkoo hamma sadiitti guute akka na gahuuf ture.
Yeroos muummeen barnootaa barachaa ture fedhii kiyyaan ala waan tureef barnootas haalaan hin hordofu ture. Qabxiin kiyya seemisteera duraa gadi aanaa waan tureef erga seemisteera tokkoffaa baradhee booda wiizdiroo guuteen gara maatii kiyyaatti deebi'ee. Waggaa itti aanuu Yuunivarsiitii Siivil Sarviisitti qormaata seensaa qoramee waan darbeef; achirraa Muummee Barnootaa Akkaawuntiingiin digirii jalqabaatiin eebbifame. Digirii lammaffaa kiyya Muummee Barnootaa 'Business Administration' biyya Indiyaatti Seenteraal Yuunivarsiitii Oof Hayibarwaat jedhamuttin baradhe. Digirii sadaffaas achuma biyya Indiyaatti Yunvarsiitii Haandiraatti xumure. Erga digirii lammaffaa kiyya xumuree booda magaalaa Jigjigaatti Biiroo Qonnaa keessatti piroojektii Ifaa jedhamu keessatti oggummaa Akkaawuntaantii naannoo (regional accountant) ta'ee hojjachaa ture. ALItti bara 1999'tti Yuunivarsiitiin Dirree Dawaa namoota barbaadaa ture waan ta'eef boordiin Yuunivarsiitichaa na gaafannaan achi gale. Achittis pireezidaantii itti aantuu Misooma Bulchiinsaa (Administration Development) fi barsiistuu ta'een hojii eegale. Yuuinvarsitii Dirree Dawaa kanan dhufee digirii sadaffaa kiyya baradhee waraqaa eebbaa kiyya erga galchee ture. Yeroo sanitti dippaartimantiin keenya digirii lammaffaa barsiisuu eegalee waan tureef achumatti hojiitti deebi'e. A L I bara 2010'tti itti aantuu pireezidaantii ta'ee osoo hojjachaa jiruti, gitni hojii Dhimmoota Akkaadaamiksii (Academic Affairs) irratti beeksisni waan baheef itti aantuu Dhimmoota Akkaamdaamiksii ta'ee waggaa tokkoofi ji'oota jahaaf hojjachaa kan ture. Achi booda rakkina Yuunivarsiiticha keessatti mudateen tarkaanfii pireezidaantiifi hooggantoota biroorratti fudhatameen pireezidaantii yeroo (Acting president) ta'ee ji'oota saddeetiif hojjadheera.
Bakki pireezidaantummaa banaa waan tureef beeksifni baanaan dorgomee pireezidaantii guutuu Yunvarsiitichaa ta'ee muudame. Dhimmi biroo pireezidaantii akkan ta'uuf sababa anaaf ta'e wanta bara darbe mudateedha. Gama biraatiin Yunvarsiiticha keessatti waggoota baay'ee waan tureefi fedhii Yunvarsiiticha jijjiiruuf qaburraa kan dhufedha. Yeroon dorgommicha mo'achuu kiyya dhagahu baay'ee gammade. Yeroo ani gara hooggansa Yuunivarsiitichatti dhufu Yuunivarsiitichi rakkoo guddaa keessa ture. Yeroo sanitti haala jiru sirreessuuf qophii guddaa taasisutu nurraa eegama ture. Yeroo sanittis barattoonnis gara manasaanitti deebi'anii ture. Rakkoo kana furuuf hooggantoota ana waliinii jiraniifi hawaasa yunvarsiiti waliin ta'uun hojii guddaa hojjachaa turre. Nutis hojii jabaannee hojjanneen barattoonnis gara barnootasaanitti deebisnee turre ta'us garuu ammatti sababa Covid-19n barnoonni waan hin jirreef barattoonnis maatiisaanii bira jiru. Ammas erga weerarri Covid-19 uumamee boodas akka barattoonni keenya barnootatti deebi'aniif hojii guddaa hojjachaa jirra. Ani pireezidaantii Yuuinvarsiitii Dirree Dawaa haata'u malee, haadha ijoollee sadiitis. Ijoolleen kiyya ammatti guddataniiru waan ta'eef manatti baay'ee hin rakkadhu. Manatti abbaan warraa haadha warraasaa gargaara ta'us hojiileen haadha warraa eeggatan ni jiraatu. Yeroo hunda ammoo manattillee hin rakkattu waan ta'eef itti-gaafatamummaa manaafi hojii waajjiraas walsimsisaan hojjadha. Mana keessatti wanti hundi akka haadhatti hin hojjatamu; gama waajjiraanis ati hooggantuu taatee wanti hundi akka keetti sii hin hojjatamu. Kanaafuu itti-gaafatamummaa gama lamaaniinuu jiru wal maddiitti ofuun ni danda'ama. Itoophiyaa keessatti yeroo baay'ee dubartoota hoggansa dhaabbilee barnoota ol'aanoo irratti hin mul'atan, kanaaf ammoo wantoonni sababa ta'an heddutu jiru.
Tokkoffaan, dubartoonni haala mijaawaa (comfort zone) keessa jiran keessaa bahuu hin barbaadan yookiin hojii ofitti baay'isuu hin fedhan. Dhaabileen barnoota ol'aanoo of keessatti tajaajiloota akka ciisichaa, nyaataa, fayyaa barattootaa, baruufi barsiisuu, qorannoo, tajaajila hawaasaafi isaan kaan of keessatti qabata, inni ammoo hojii bal'aadha waan ta'eef jabina gaafata. Ani akka kiyyaatti, itti-gaafatamummaa kanneen irraa of fageessuutu mul'ata jedha. Yunvarsiitii keessatti barsiistuu/saa ta'uun hagas mara hin ulfaatu, waan barsiisturratti qophooftee dhaqxee barsiistee ofirraa galta. Hojii hooggansaa keessatti garuu hojii heddutu si eeggata waan ta'ee, keessumaayyuu dubartoonni itti-gaafatamummaa kanarraa fedhii yookiin hamilee waan hin qabneef ni dheessu. Gama biraatiin ilaalchi hawaasa keessa jiru sababa isa biraati. Dhiironni hamilee dubartootaa cabsanillee ni jiru. Kun akkuma jirutti jabaatanii dandeettii ofii mul'isuun barbaachisaadha. Ani yeroo ammaatti Yunvarsiitii Dirree Dhawaa keessatti Gargaartuu Piroofeesaraati, kaayyoon kiyyas hojiillee qorannoo adda addaa hojjadhee piroofeesara guutuu ta'uudha. Yeroo dheeraaf pireezidaantii ta'ee itti fufuuf karoora hin qabu. Gama baruufi barsiistutti deebi'ee, qorannoo hojjadhee itti fufuun barbaada. Dubartoonni hojiinsaanii ifa bahee beekamtii argachuu baatullee hojiinsaan hojjatan kan laakka'amu miti. Dubartoonni hojiilee adda addaa keessatti hirmaatan bakka wayii yoo gahan, wanni argatan sun na gaha jedhanii dhaabbachuu hin qaban. Nuti dubartoonni yoo cimnee hojjanne rakkoo hawaasaa hedduu hiikuu dandeenya. Ani akka kiyyaatti dubartii dhiiraa ol hojjachuu dandeetti jedheen amana. Dubartoonni wantoonni xixiqqoon argatan nu gaha jedhanii waan guddaa kaayyeffachuufi hojjachuurraa of qusachuu hin qaban.
Dubartoonni wantoonni xixiqqoon argatan nu gaha jedhanii waan guddaa kaayyeffachuufi hojjachuurraa of qusachuu hin qaban. Itt- gaafatamummaa maatiifi waajjiraallee wal maddii oofaa kaayyoo kaayyeffanne galmaan gahuu waan dandeenyuuf waan xixiqqaadhaan kun nuuf gaha jennee dhaabbachuu hin qabnu.
Indiyaatti dubartoonni paadii gahaa waan hin qabneef laguusaanii to'achuuf uffata moofaa, baala fi biyyeetti fayyadamu Indiyaa keessatti dubartoota laguun itti dhufe irra qoolliffannaan adda addaa gaha. Waggoota hedduuf biyattii kessatti akka safuu fi qulqulluu ta'uu dhabutti ilaalamaa ture. Isaanis qophiilee hawaasummaa fi amantiirraa ni dhoorkamu. Manneen amantii seenuu mitii kutaa nyaanni itti bilcheeffamu seenuu hin danda'an. Guyyaa laguu addunyaa sababeeffachuun ogeessi suuraa Niraaj Geeraa laguun kennaa uumamaa malee waan itti qaana'an akka hin taane suuraasaatiin ibsuuf yaalera. Hanqinna odeeffannoo waa'ee laguurratti jirurraa kan ka'e Indiyaa keessatti dubartoonni umuriinsaanii gahe %71 ta'an hamma isaan mudatutti waa'ee laguu wanti isaan beekan hin jiru. Namoonni haalicharratti jijjiirama fiduuf hojjatan maatii ijoollee durbaasaanii laguudhaaf akka of qopheessaniif hin hojjatan jedhu. Qophii ta'uu dhabuun kunis sodaa jalaa bahuu hin dandeenyeef isaan saaxileera. Rakkoon biraa immoo yeroo laguunsaanii dhufu paadii argachuu dhabuudha. Namoonni haala kanarratti hojjataa jiran omishaaleen laguudhaaf oolan gatiinsaanii mi'aa ta'uu hin qabu akkasumas haala salphaadhaan argamuu qabu jedhu. Isaanis bara 2018 gibira mootummaa omishaalee kanneen irra kaa'eeru mormii heddu booda %12 irraa akka kaasu godhaniiru. Ta'us garuu %12 isaan mootummaan akka kaasu godhan tarkaanfii jalqabaa malee isa dhumaa miti. Dubartoonni biyyattiin hunduu omishaalee qulqullinnasaanii ittii eeggatan argachuuf mirga guutuu argachuu qabu. Akka qorannoo tokkootti dubartoota Indiyaa keessaa dubartoonni paadii fayyadaman %36 qofadha. Isaan kaan immoo laguusaanii to'achuuf huccuu moofaa, baala, daaraa fi biyyeetti fayyadamu.
Isaan kunneen immoo wantoota lubbuusaan irratti balaa uumuu danda'aniidha. Ogeeyyiin fayyaa sammuu immoo weerarri koronaavaayiras kun haalichi Indiyaa keessatti akka hammaatu taasiseera. Biyyattiin uggura keessa jiraachuun immoo omishaalee fi dhiheessii qulqullinnaarraatti dhiibbaa guddaa uumeera jedhu. Dhugaa hiyyummaan dubartoota indiyaa qofatti kan miidhu. Akka gabaasa dhaabbata tola ooltummaarratti hojjatu kan 'Plan International UK' jedhamutti dubartoota umuriinsaanii 21 gad jiran 10 keessa 1 laguusheetiif wantoota qulqulluu hin taane akka gaazexaa, sooftii fi kaalsiitti fayyadamu. Umurii ijoollummaa jalqabe shamarran dhukkubbii fi sodaadhaan jiraatu. Yeroo tokko tokko shamarree gargaarsa qaamaa fi xiin-sammuu sababa laguurra jirtuuf gaafattu baay'ee muraasa. Yeroo dhihoo as garuu dubartoonni miidiyaalee hawaasummaarratti waa'ee laguu mari'achuu jalqabaniiru. Ta'us garuu bilisummaan kun gaaffii keessa gala. Dubartoonni muxannoosaanii qoodan immoo doorsisni adda addaa irra gaha. "Yeroo qaaniidhaan akka hin dubbannu isaan goonu miti. Dhukkubbiisaaniirra akka irra aanaaniif bilisummaa fi beekumsa kennaafii. Namoota jiddutti hubannoo uumuu fi ilaalchi gaariin akka jiraatuuf miidiyaa hawaasummaan humna guddaa qaba," jedha Obbo Geeraan. Maatiin Indiyaa miiliyoonotaan laakkama'an qarshii paadii itti bitatan kennuu maatii hin dandeenyeedha. Suuraa gubbaa kanarratti intalli hojii guyyuutiin jiraattu tun paadii bitachuu barbaaddi jedha Niraaj. Maatiishee qarshii ittiin bitattu gaaffachuufuu baay'ee qaanoftee jirti. Ogeessi suuraa kun dubartoonni fi shamarran hundi paadii akka argataniif hojii tola ooltummaa hojjataa jira. Akka qorannoon bara 2014 taasifame mul'isutti waggaa waggaadhaan Indiyaa keessatti dubartoonni miiliyoona 23'tti dhiyaatan sababa laguusaaniitiin barnoota addaan kutu.
Akka qorannoon bara 2014 taasifame mul'isutti waggaa waggaadhaan Indiyaa keessatti dubartoonni miiliyoona 23'tti dhiyaatan sababa laguusaaniitiin barnoota addaan kutu. Namoonni haala jiru fooyyeessuf hojjatan akka jedhanitti sababni guddaan hanqina mana fincaanii qulqulluu fi paadii argachuu dhabuuti jedhan. Sodaan inni biraa immoo laguunsaanii uffatasaanii tuqee hirriyyootasaaniitii itti kolfamuudha. Dubartoonni hedduunsaanii laguu akka xuriitti ilaalu. Laguunis sochiilee hawaasummaa fi aadaarraatti akka hin hirmaannee isaan taasisa. "Laguun marsaa uumamaa akka ta'e beekuu qabna. Laguus iccitii goonee qabachuu hin qabnu. Laguun uumama ta'uu beeknee qaanii jiru balleessuu qabna," jedhe. "Yoo waliin dubbanne haalota amma jiru jijjiiruu dandeenya."
Akka seera kanaatti namni dhaqna qabaa dubaraa mana yaalaattis ta’e bakka biraatti gaggeesse hidhaa waggaa sadiifi mallaqaan ni adabama.
Qaroo - dhabeeyyiin Hindii lama jaalalli walitti fide waa'ee jaalalaa maal jedhu? Jechamni "Jaalalli jaamaadha" jedhu baratamaadha. Garuu yoo jaalalli namoota qaroo - dhabeeyyii lama walitti fide maal ta'a? "Jaalala gosa baayyee adda ta'e argita. Jaalala miidhagina qaamaa irratti hin hundoofne," jechuun ibsa ogeessi suuraa Hindii badhaasa mo'ate Niraaj Geeraa. Dhiyeenya kana agarsiisa suuraa Jaalala Mudaa Hin qabne jedhuun, ogeessi kun suurawwan 13 fayyadamuun seenaa abbaa warraafi haadha warraa qaroo -dhabeeyyii tokko hima. "Masaraa Kanawut [Delhii keessatti] shamatachaan ture. Adoolessa keessa guyyaa tokko yeroon jaalalleewwan dhiiraafi dubaraa baay'ee bareedan tokko argutti. Harka wal - keessa galfatanii waliin taphachaa, miira gammachuun kokkolfaa deemu ture," jechuun BBCtti hima Geeraan. Jaalalleewwan kun yeroo gara buufata Metiraa Maasaraa Kanawutitti deeman nama tokkotu isaan gargaare. Yeroon isaan argutti qalbiin koo na hatame jedha Mr Geeraan. "Jaalalleewwan qaroo - dhabeeyyi ta'an yeroo jalqabaatiif arguu kooti." Achumaanis gara isaaniitti deemuun akka gara buufatichaa gahan gargaare, jedha Geeraan. "Wayituman geessaa jiru, waliin dubbachuu jalqabne. Anis dhirsaafi niitii ta'uu isaaniin gaafadhe. Isaanis deebisanii 'eyyeen' jedhan. Kanuumaan itti fufuun, seenaa isaanii keessan natti himtuu? jedheen gaafadhe. Isaanis, eyyeen jedhan," jedha Geeraan. Jaalalli mudaa hin qabne seenaa Deepak Yadaav fi Artii Chahuraasiyaa hima. Lamaanuu umuriin isaanii waggaa 21 yoo ta'an, karaa Feesbuukii walargan. Deepak akka jedhutti mobaayiliin isaanii lamaanuu karaa namoonni qaro-dhabeeyyii ittiin walduukaa bu'an "appilikeeshiinii ittiin argaman ni qaba".
"Appilikeeshinicha keessatti takkaa 'Talkback' banannaan yaada ykn deebii nama biraa sagaleedhaan argatta," jedhe. Waxabajji 2018 keessa guyyaa tokko, Deepak akka jedhutti maqaan Artii jedhu ergaa yaadachiisaa bilbilaa isaarratti akka "yaadaatti dhiyaatee" hubata. "Akka waan hedduu wal nu fakkeessu jiruutti natti dhaga'ameen gaaffii hiriyyaa na godhadhuun itti erge," jechuun BBCtti hima seenaa ittiin jalqabe. Aartiin ammoo deebisuudhaaf torban lama itti fudhate. "Ani isa hin beeku waan ta'eef eenyu ta'a jedheen shakke," jetti ishiin ammoo. Garuu boodarra ni fudhatte. Yeroo sanarraa kaasanii ergaawwan waljijjiiruu eegalan. Achiin booda ammoo seenaa isaanii erga waljijjiiraa turanii booda lakkoofsa bilbilaa isaanii waliif kennan. "Yeroo jalqabaatiif bilbilaan kan waldubbisne Adoolessa 31 ture," jedha Deepak. "Haasaan bilbilaa sun daqiiqaa 90'f ture," jechuun itti dabalti Artiin ammoo. Yeroo hunda waliin dubbachuu itti fufan. Guyyaa tokko garuu Artiin hiriyyaa durbaa qabdaa jettee isa gaafatte. "Innis lakki hin qabu jedhe. Bakka duwwaa hin qabamiinitu argame," jechaa kokkolfaa ibsiti Artiin. Jaalala isaaf qabdu itti hiikkachuudhaaf yerooyyuu isheetti hin fudhanne. Kun Hagayya 10 ta'e. "Bilbilaan haasa'aa turre. Osoon hiriyyaa tokko waliin taa'aa jiruu ijuma jabaattee ' Sin jaalladha' naan jette. Innis deebisee anis sin jaalladha naan jedhe," jetti. Deepak daqiiqaa tokkoof akka ishee wallaalee callise. "Kana jechuu kan ture anadha. Kun ga'e kooti jedheen yaade.. Isheen akkamittiin kana jetti? Yeroo muraasaaf callisee tureen deebiseef." Ji'a lamaan booda, Deepak gara hosteelaa deemtee jarri lamaanuu yeroo jalqabaatiif wal-argan.
Ji'a lamaan booda, Deepak gara hosteelaa deemtee jarri lamaanuu yeroo jalqabaatiif wal-argan. Yeroo sanarraa kaasee, Deepak fi Artiin yeroo baayyee wal-argu. Akka jedhanitti hariiroon jaalalaa isaanii cimaa dhufe. Deepak akka jedhutti iccitii jaalalaa isaanii maatii isaa dhoksee ture. Maatiin isaa akka inni jedhutti "warra sirriitti safuu cimsaniifi hordoffii jabeessan". "Abbaan koo waa'ee jaalalaafi gocha jaalalaa irraa amma fagaadhu naan jedhe. Sanaaf, booda yeroo ni qabda. Hojii argachuudhaaf barumsa keetti jabaadhu dura," naan jedhe. Artiin ammoo abbaan ishee beekuu baatus hariiroo jaalalaa isheen Deepak waliin qabdu maatiin ishee garri caalan ni beeku. Anis maatiin isaanii gabaasa BBCn waa'ee seenaa jaalalaa isaanii hojjete kana argan maaltu ta'a jedhee gaafadheen ture jedha Geeraan. "Ni argu jedheen abdadha," jedha Deepak. "Miidiyaan waa'ee hariiroo jaalalaa keenya osoo akkas jajuu yoo argan isaanis akkuma gaariitti fudhatu jedheen yaada," jetti Artiin. Michuuwwan kun jireenya isaanii fuula duraa waliin qajeelfachuudhaaf yeroo ammaa hojii barbaaddachaa jiru. "Akkuma tokkoon keenya hojii arganneen bultii ijaaranna," jetti Artiin. "Garuu yeroo hanga hojii argannee tasgaboofnee booda walfuuna jechuun eegnutti dulloomuu dandeenya jedheen yaadda'a."
Atileetii dorgommii erga eegaltee waggoota 38 booda umrii 50'n warqii injifatte Turtii waggoota 38 booda haa ta'uyyuu malee cimtee hojjechuu isheetin atileet Kiristinaa Taam gatii dhamaatii ishee hin dhabne. Taam Taphoota Kibba Baha Eeshiyaa irratti biyya ishee Singaappoor bara 1981 bakka buutee dorgomtee ture. Yeroos umriin ishee 12. Gosa dorgommii bishaan daakaan meetii argatte. Yeroo ammaa umrii ishee 50'n dorgommii torban kana biyya Filippiins dorgomamaa jiru irratti deebiteemmoo dorgomuun kan kana caalu argatte. Sanuu, warqi tokko qofa miti, gosa ispoortii bishaan jala dorgoman 'underwater hockey' jedhaniinifi barana yeroo duraaf dorgomamu irratti warqii lama argatte. ''Takkaa dorgommii kana irratti deebi'a jedhee yaade hin beeku. Takkaa hangana dorgomtuu cimtuu nan ta'a jedhee hin beeku,'' jechuun gammachuu ishee dubbatte. Taam yeroo umriin ishee 7 ture maatii ishee waliin gara Maaleeziyaa dhaqanii turan. Yeroos abbaan ishee haroo tokkorra osoo daakanii xiqqoodhumaaf du'arraa hafan. Abbaan ishee ga'eessa turan erga lubbuu baraaramani as maatiin hunduu bishaan daakuu akka baru taasisan. Ergasii Taam bishaan daakuu hin dhiifne. Erga bara 1981'tti medaaliyaa argatte waggaa lama boodas deebitee bishaan daakuudhaan 200m'n medaaliyaa meetii biraa argatte. Garuu ergasii waggaa soddomatti siquuf hin dorgomne. Achiitii hojii seeraa hojjechuu eegalte. Boodana garuu bara 2005'tti ispoortiitti deebite. Oduu gaazexaa irraa dubbifteetu ishee kakaase. Gosa ispoortii haaraan warqii lama irratti argate yaaluu akka feetu erga of amansiiste booda waggoota darbanif shaakala cimsitee hojjettee torban kana biyya isheef gumaacha guddaa taasifte.
Gosa ispoortii haaraan warqii lama irratti argate yaaluu akka feetu erga of amansiiste booda waggoota darbanif shaakala cimsitee hojjettee torban kana biyya isheef gumaacha guddaa taasifte.
Shamarreen laguurra jirtu godoo keessatti duute jennaan soddaan hidhame Poolisiin Neeppaal shamarree godoo yeroo laguun itti dhufu keessa turan keessatti duuteef abbaa warraa obboleetti ishee to'annoo jala oolcheera. Parbaati Budaa Rawaat, shamarree ganna 21 yoo taatu godoo yeroo laguunshee dhufu qofaa keessa turtu keessatti, aara ibidda qaqqaammachuuf qabsiisteetu ukkaamsee ajjeesse Gochaa dubartooti yeroo laguun itti dhufuufi erga dahanii booda qulqulluu miti jechuun qooduun seeraan erga dhorkamee booda namni to'annoo jala ooluun kun kan jalqabaati. Yoo irratti murtaa'e hidhaa hanga ji'a sadiifi qarshii biyyichaa- ruuppiin 3,000 adabama. Poolisiin naannichaa soddaa mucaa kanaa godoo qofaa keessa akka teesssuuf dirqisiiseera yoo taheef ni qoranna jedheera. Aadaa Hindii waggooti dhibba lakkoofsiseen dubartoonni laguun yoo itti dhufe godoo keessa akka bulan, gosa nyaataa murtaa'aa akka hin tuqne, mi'oota amantii akka hin tuqne ni dhorkamu. Godoon isaan akka keessa turan taasifaman baayyee qorraafi haleellaadhaaf saaxilamaa dha. Manicha keessatti ukkaamamuun yeroo baayyee kana mudatu yoo tahu, shamarreen tokko immoo bofaan hiddamtee duuteetti. Neeppaal dubartoota yeroo laguu isaaniitti akkanatti qooduun bara 2005 kan dhorkite yoo tahu, 2017tti yakka taasisteetti. Haa tahu malee naannolee baadiyyaa muraasatti akkauma babal'ateen jira. Bara kana qofa shamarran sadii ''godoo laguu keessatti du'aniiru, kunimmoo dubartii ijoolleeshee lama waliin godoo kana keessatti duute dabalata. Rogeettiin Neeppaal Radha Poudel,''poolisiin akkanatti dafee tarkaanfii fudhachuun namoonni bartee kana akka kutan taasisa'' jechuun AFPtti himteetti. ''Haa tahu malee kana dhaabuuf karaaan dheeraatu hafa jetti.
''Haa tahu malee kana dhaabuuf karaaan dheeraatu hafa jetti.
Barack Obama: 'Biyyoonni addunyaan osoo dubartootaan kan gaggeeffamtu taate waan hunduu ni foyyaa'a' Osoo biyya hundumaa addunyaa kanarra jiran dubartoonni kan gaggeessan ta'ee sadarkaan jireenyaa ni foyyaa'a, bu'aan gaariillee argamuu mala jedhan Pirezedaantiin duraanii US Baraak Obaamaa. Singaappoor keessatti dubbii dubbataniin akka jedhanitti,dubartoonni mudaa kan hin qabne miti garuu "shakkii tokko malee" dhiira caalu. Rakkoowwan addunyaa kanaa namoota dullooman, keessumaa dhiironni, aangoo qabatanii irratti cichuun dhufa jedhan. Obaamaan waa'ee siyaasni fiixee lamaanitti walirraa fagaachaa deemuufi oduu sobaa tattamsaasuu keessatti qooda miidiyaalee hawaasummaa qaban ilaalchisaniis dubbataniiru. Qophii dhuunfaa dhimma gaggeessummaa irratti qophaa'erratti kana kan dubbatan Obaamaan, yeroo aangoorra turanitti addunyaan dubartiidhaan gaggeeffamtu maal akka fakkaattu dubbachaa turuu isaaniillee himaniiru. "Amma akka dubartoonni hubattan kanan barbaadu, isin mudaa kan hin qabnes miti, garuu kan ani jechuu danda'u, shakkii tokko malee isin nurra [dhiirotarra] ni caaltu. "Osoo biyyi addunyaa kanarra jiru kamiyyu waggaa lamaaf dubartootaan kan gaggeeffamtu taate, waan maraafi bakka hundaatti jijjiirama qabatamaa argitu... kan akka fooyya'insa sadarkaa jireenyaafi bu'a qabeessummaa jiruu dabalatee akka arguu dandeessan shakkii tokko malee nan amana," jedhan Obaamaan. Tarii gara gaggeessummaa siyaasaatti deebi'uu danda'uu kan jedhu gaafatamanii, gaggeessitoonni yeroon isaanii akkuma ga'een karaa gadi dhiisuuttin amana jedhan. "Yoo addunyaa kana ilaaltan, akkasumallee rakkoo ishee yoo kan hubattan ta'e yeroo baay'ee namoota dulloomanidha. Kuna ammoo garaa gadi dhiisuu diduu isaaniitiin," jedhe. "Gaggeessitoonni siyaasaa wanta barbaachisaa yaaluufi of-yadachiisuullee qabdan bakka irra jirtan sana itti hojjechuuf malee, guutummaatti qabattanii jiraachuuf akka ta'edha.
"Gaggeessitoonni siyaasaa wanta barbaachisaa yaaluufi of-yadachiisuullee qabdan bakka irra jirtan sana itti hojjechuuf malee, guutummaatti qabattanii jiraachuuf akka ta'edha. Bakka sanarra kan jirtan akka isin malee namni hin jirretti akka of dhiyeessitaniif miti." Obaamaan pirezedaantii US ta'uudhaan bara 2009 hanga 2017tti tajaajilaniiru. Erga Waayit Haawusi keessaa bahanii booda giifti dureen duraanii Misheel Obaamaan dhaabbata gaggeessitoota ol-adeemoo addunyaa kanarraa ittiin baasaan hundeessuun hojjetaa jiru. Dhaabbanni isaan ittiin gaggeesitoota dargaggeeyyii addunyaa kanarraa ittiin qaran kunis Obaamaa Faawodeeshinii jedhani. Jarri lamaanuu torban darbe qophii Obaamaa Faawudeeshinii Kuwaalaa Lumpuuritti qophaa'eerratti argamani turan.
Keenyaa: Mana shubbisaa dhiironni akka hin seenne dhorkaman Manni shubbisaa Keenyaa tokko dubartoonni yaaddoo tokko malee akka keessatti bohaaran haala mijaawaa ta'e qopheesseera jetti. Magaalaa gudditti Naayiroobii keessatti bakka magaalaa keessaa xiqqoo ba'ee argamu tokkotti mooraa shubbisaa toltuudha jedhamte tokko kireeffataniidha akka dubartoonni osoo yaaddoo tokko hin qabaatiin bilisa ta'anii akka bashannananiif qophaa'e. "Mana shubbisaa dhiironni keessa jiran yoo ta'e of gadhiistee bilisa hin taatu. Hiriyyoota kee waliin bashannanuudhaaf bakka bilisa taatu akkasii ni wayya," jechuun dubbatti shamarreen umuriin ishee ganna 26 Jeen. "Hundumtuu yoo dubartoota qofaa ta'an garuu waan akka maatii waliin ba'anii bashannananiitt." Mana shubbisaa kana seenuudhaaf sakatta'insi isaa baayyee cimaadha. Dhiironni mursaani isaaniif hayyamamuu danda'a. Haatau malee, dhiironni akka seenaniif isaaniif hayyamamu kunneen dubartoota mana shubbisaa kana akka geessaniif warra dhufanidha malee akka gara keessaa seenaniif kan isaaniif hayyamamu miti. Isaan booda garuu dafanii deemuu qabu. Kan baakonii duubaan dhugaatii buusu, warri waardiyyaafi eegumsaa, DJ, tekinishaanonni sagalee, warra weellisaniifi shubbisa ho'isan, waltajjii gaggeessaniifi keessummeessan hunduu dubartootadha. «Bakki sun mana shubbisaa dubartootaa qofaadha jedhamuu akkuman dhaga'eenan galmaa'ee miseensa ta'e jetti," Shaaniin. Hiriyyoonni lamaan Jeeniifi Shaan ba'anii didiriifatanii bohaaruun isaan gammachiisa. Waa'ee 'mana shubbisaa dubartootaa qofaa' kan argan fuula tiwiitera irraadha. Yaada kana kan maddisiise dubartoota hojii fiilmii, muuziqaafi faashinii irratti boba'an sadii turan. Qophii "Istiriktilii Siliik" jedhuun kan yaada isaa maddisiisanii jalqaban dubartoota Hinjookii Nigumaa, Hinjeerii Gaatungoofi Akkaatii Kahisiyaanii kan jedhaman yommuu ta'an, hundi isaanii muuxannoo fillmii, muuziqaafi ogummaa artii warra qaban miseensota Neest Kollekshin ta'anidha.
Qophii "Istiriktilii Siliik" jedhuun kan yaada isaa maddisiisanii jalqaban dubartoota Hinjookii Nigumaa, Hinjeerii Gaatungoofi Akkaatii Kahisiyaanii kan jedhaman yommuu ta'an, hundi isaanii muuxannoo fillmii, muuziqaafi ogummaa artii warra qaban miseensota Neest Kollekshin ta'anidha. Akka yaada kana maddisiisan kan isaan dirqisiise ammo Keenyaa keessatti rakkoo hamaa miidhaa qaamaafi qoor-qalbii akkasumas ajjeechaa dubartootarra ga'e akka ta'e warra hundeessan kana keessaa tokko kan taate Hinjookii Nigumaa ni ibsiti. Hordoftoota amantaa Musliimaa kan ta'an Muniiraafi Kadijjaan maamiltoota mana shibbisaa kanadha. Hordoftoonni amantaa kamiiyyu gara mana shubbisaa kana yoo dhufan nuuf garuu kan hedduu nutti toledha jedhu. Wantonni akkasii kun biyyoota akka Hindiifi Sawud Arabiyaa keessa jiraatanillee kan to'ataman garuu sirna abbaatiinidha jetti Hinjookii Nigumaa. Bakki sun mana shubbisaa dubartoota qofaaf qophaa'edha jedhamullee garuu kan 'namoota warra saalaan walfakkaatoo waljaallataniif' kan qophaa'edha jechuun kan qeeqanis hin dhiban. Hinjookii Nigumaa ammo kanaaf deebii qabdi: "Nuti duartoota ilaalcha kamiyyu qaban ni fudhanna. Dubartoonni jaalala warra saala walfakkaataa ta'anis dhufuu ni danda'u. Garuu dhorkaa tokkollee hin qabnu. Dubartiin kamiyyu dhufuu ni dandeessi." Hinjookii Nigumaafi jaalleewan hojiishee 'Mana Shubbisaa Dubartoota Qofaa' Naayiroobii keessatti qofaa osoo hin taane guutummaa Afrikaa irratti baballisuudhaaf karoora qabu. Maqaan dubartoota as keessatti ibsamanii isa sirrii miti.
Alabaamaatti dubartii ulfi rasaasaan dhahamte, du'a daa'ima hin dhalanneen himatamte Alabaamaa keessatti dubartiin ulfaa ganna 27 du'a daa'ima hin dhalanneen himatamtee to'annoo jala oolte. Maarshee Joons dubartii Iboonii Jeemisan jedhamtu biraa tokko waliin wal dhabdee rasaasaan garaa irra dhahamte. Wal dhabdee kanaaf ka'umsa taateetti jedhamtee himatamuun Roobii darbe to'annoo jala oolte akka miidiyaan biyyattii jedhutti. Dubartii rasaasa dhukaaste irratti himati banamee ture haqameera. Akka poolisiin jedhutti waldhabdeen dubartoota lamaanii kan uumame abbaa daa'ima hin dhalatiinii waliin wal qabateeti. Ibooniin Maarshee rasaasaan garaa irra dhahuun ulfi garaa keessa ture akka ajjeefamu taasifteetti. Himati jalqabaa dubartii rasaasa dhukaafte irratti banamee ture, ragaan mirkanaa'uu dhabuun haqame. Boodarra dubartiin ulfaa daa'imni garaa keessatti ajjeefame wal-dhabdee kanaaf ka'umsa waan taateef daa'ima ishee gara keessatti ajjeesuun himatamuu poolisiin beeksiseera. Dubartiin rasaasa dhukaafte lubbuu ofii baraaruuf dirqamteeti kan dhukaafte jedha poolisiin. "Waldhabdee uumame kanaan kan miidhame daa'ima hin dhalanne garaa keessa jirudha. Waldhabdee kana uumuun daa'imni kun akka ajjeefamu kan goote ammoo haadha" jechuun qondaalli poolisii Daanii Reed himaniiru. Kanaaf daa'ima ishee ajjeesuun himatamtee erga to'annoo jala ooltee booda mirga wabiin gadi dhiifamtee jirti. Dubartii rasaasa itti dhukaafte dabalatee gareeleen mirga namoomaaf falman himannaan kun sirrii miti jechaa jiru. Warreen mirga namoomaaf falman seera cimaa ulfa baasuu dhorku biyyattiin qabduun wal qabsiisanii falmu. Kana booda dubartoonni rakkoo adda addaa wayita ulfa ta'an isaanirra gahuun yoo ulfi irraa bahe of eeggannoo gochuu dhabuun daa'ima ofii ajjeesan jedhamanii himatamu jechuunis mormu.
Kana booda dubartoonni rakkoo adda addaa wayita ulfa ta'an isaanirra gahuun yoo ulfi irraa bahe of eeggannoo gochuu dhabuun daa'ima ofii ajjeesan jedhamanii himatamu jechuunis mormu. Abbaan Alangaa garuu dubartiin kun seera ulfa baasuu dhorkuun miti kan himataman jedhan.
Irbaata qaro-dhabeeyyii hubachuuf dukkana keessa nyaatamu Yeroo muraasaafis tahu kanneen iji isaanii argu jireenya qaroo dhabeeyyii akka hubatan yaadamee irbaanni sa'aatii tokkoofi walakkaaf dukkana cillimii keessatti dhihaatee ture. Gaazexeessituun BBCs qaamaan sirna irbaataa magaalaa Finfinneetti qophaa'e kanarratti argamtee wan taajjabde akkanaan seenessite. Kutaa dukkanaan liqimfame keessaa sagalee nama tokko qofatu dhagahama. Namoonni kutaa dukkanaatti irbaata nyaatuuf seenan gateetti nama isaan qajeelchu qabatani seenu. Bilbilli durumaa akka cufamu himameera. Dukkana keessa namoonni bakka akka qabatan kan gargaaran jiru. Keessummoota kaan waliin fuula keessa osoo wal hin argin sagaleedhumaan wal barre. Keessummeessaan waan dhugamu akka ajajnu nu gaafate fidee teessumarra kaa'e. Harkaan tuttuqaa bakka jiru barra malee karaan itti beekan hin turre. Bakka sanatti argamuun arguu dhabuun hangam rakkisaa akka ta'e nama hubachiisa. Daqiiqaa muraasaaf osoo hin taane waggoota hedduuf akkanaan jiraachuun hangam rakkisaa akka ta'u namoota irbaata waliin nyaannu waliin odeessine. Osoo ani akkana ta'e yaadni jedhu hunda keenya keessatti uumame. Shoorbaa akkasumas boodarra nyaata nuu fidani. Silaa harkiifi afaan wal hin wallaalan jedhama fal'aana qodaa nyaata itti sooratanitti rigaa nyaannee xumurre. Haasa'aa nyaata soorannus dukkanni waan nama dhiphisu qaba. Boodarra meeshaalee garaa garaa fidani harkaan tuttuqne adda akka baasnuufi fooliidhaan adda akka baasnu nu gaafatan. Wanta naannoo keenya jiru dhagahuu, tuttuquufi fuunfachuu qofaan hubachuu itti fufne. Egaa akka nama qaroo dhabeeyyii tokkoo taane jechuudha. Boodarras qaroo dhabeeyyiin nu qajeelchaa dukkana keessaa baane. Qaroo dhabeeyyiin akkamiin kana hojjechuu danda'an?
Gaaffii jedhuf deebii kennuufi hubannoo dabaluuf kan kaayyeffatedha. Obbo Birhaanu Balaay Hogganaa 'Together Ethiopia' dha. Obbo Birhaanun waggoota 40'f barsiisaa tahun tajaajilaniiru. Isaan akka jedhanitti sooranni dukkana keessa taasifamu ilaalcha dogongoraa waa'ee qaroo dhabeeyyii jijjiiruuf kan kaayyeeffate dha. Soorata dukkana keessaa irratti erga hirmaatanii booda kanneen dhaabbaticha deeggaran akka jiran hedduun isaanii ni dubbatu. Dhaabbanni isaanii qaroo dhabeeyyiin dubartoota ta'an dahoo argatanii akka baratan, kompitaras tahe ulee isaan qajeelchu akkamin akka fayyadaman leenjii akka kennu himu. Saamu'el H/Maariyaam yeroo umuriin isaa 12 ture balaa konkolaataa isa dhaqqaben qaroo ija isaa kan dhabe. Gosa barnootaa seeraafi Afaan Ingiliziin digirii jalqabaa qabaatus hojii argachuun rakkoo ture. Carraaqqii meeqa booda Ministeera Dhimmoota Hawaasummaatti kan mindeeffame. Dhaabbanni waggoota jaha darbanif 'irbaata dukkana keessaa' qopheessu leenjii kompitaraa kenneen fayyadamaa taheera. Yeroo ammaas miidiyaa hawaasummaas ta'e kompiitara fayyadamuu danda'eera. Kunis kan ta'e softiweerii 'Non Visual Desktop Access '(NVDA)' kan jedhamu fayyadamuuni. Yeroo hedduu mana intarneetiitti intarneetii yeroo fayyadamu namoonni argan akka raajeffataman dubbata. Haa ta'u malee, barbaachi hojii keessumaa qaroo dhabeeyyiif baay'ee rakkisaa akka ta'e kan dubbatu Saamu'el, qabxii olaanaa qabaatus qaroo dhabeeyyii waan ta'ef akka dhorkamaa ture hima. Innanniyyee Yaalaw umuriin ishee 36 yeroo ta'u qaroo dhabeeyyii dhaabbatni ''Together Ethiopia'' jedhamu kan gargaaru keessaa tokkodha. Ijoollee ishee lamaan qofaa ishii kan guddistu Innanniyyeen, Kaaba Gondaritti dhalatte.
Ijoollee ishee lamaan qofaa ishii kan guddistu Innanniyyeen, Kaaba Gondaritti dhalatte. Qaroo ishees yeroo umuriin ishee 8 ture dhabde. Ijoollummaa isheetti weerarri qe'e isaanitti ka'e jennaan mana isaanii keessaa isheefi obboleessi ishee rakkoo kanaan hubamu yaadatti. Akka isheen jettutti, namoonni ''mootummaatu nu erge'' jedhan isin barsiisna jedhani ishee gara Finfinnee obboleessa ishii immoo Humeraatti akka kadhatu taasisu isaanii dubbatti. Yeroos reefu waggaa 9 turte. Ergasiis Dirree Dhawaa, Dawwallee akkasumas gara Jibuutii geeffamte. Finfinnes ta'e Jibuutiitti namni tokko isheef ramadame wanta kadhatte argatte mara isaanitti kenniti. Fayya beeloo biraa akkuma ishee namootaaf kadhatu waliin waggoota 3'f Jibuutiitti kadhachaa turte. ''Walumaa gala umuriikoo 9 hanga 17'tti na kadhachiisaniiru,'' jetti. ''Kan nu kadhachiisan dhirsaafi niitii turan. Kan nu to'attummoo dubartiin tokko turte.'' Yeroo ammaa dhaabbanni 'Together Ethiopia' jedhamu qaroo dhabeeyyiin waldaadhaan ijaaramanii wantoota aartii garaa garaa hojjechuun galii argattuun ijoollee ishee guddifti. ''Hawaasni qaroo dhabeeyyii gargaaruu qabu,'' jechuun dhaamti.
Warra jiillee biratti sirbi cidhaa gosa hedduutu jira isaan keessaas hiro hiroo, heellu heelluu fi yaa hamaamiyyoon beekamoodha.
Tiraamp dubartoota miseeensa Kongireesiin 'Ameerikaa gadhisaa' jedhan Donaald Tiraamp ergaa karaa 'twitter' dabarsaniin dubartoota paartii Diimokiraatik bakka bu'an irratti jibba sanyummaa mul'isaniiru jedhamanii qeeqamaa jiru. Dubaartooti kun "biyyoota mootummaan isaanii guutummaatti badaa ta'e keessa dhufan," kan jedhan Tiraamp "deebi'aa deemaa" jechuun barreessaniiru. Itti aansuunis dubbi himtuun isaanii Naansii Peloosiin "gammachuun geejjiba bilisaa ariitiin isiniif mijeessiti," jedhan. Torban tokko dura Naansii Pelosiin dubartoota paartii Dimokraat bakka bu'an afur bifaan adii hin taane waliin walitti buutee turte. Dubartoota miseensa kongiresii afran keessaa - Aleksaanderiyaa Osaaziyoo-Korteez, Rashiidaa Tilayib fi Ayaanaa Pireeslii Ameerikaatti dhalatanii kan guddatan yoo ta'u Ilhaan Omaar garuu ijoollummaatti Ameerikaa galte. Aadde Osaaziyoo-Korteez hospiitala Tiraamp itti dhalaterraa Km 20 qofa fagaattee kan argamtu Biroonkis, Niiw Yorkiitti dhalatte. Tiraamp barreeffama 'Twitter' gubbaatti maxxanseen dubaartooti miseensa kongiresii kunneen isaa fi Ameerikaa qeeqan jechuun himate. "Dubartoonni paartii Diimokiraat bakka bu'uun miseensa koongiresii ta'an, biyyoota tasumaa mootummaa hojii isaa sirriin hojjatu kan hin qabne, yoo qabaatanis kan guutummaatti hamaa ta'e, malaammaltumman guutamee fi daandeetti kan hin qabne keessaa kan dhufan, amma akkanatti ija baasanii uummata biyyaa guddittiifi ciimtu addunyaa kanaa taate Ameerikaa, mootummaan ishee akkamiin hojjechuu akka qabu yemmuu himan nama dhiba." "Maaliif biyyaa badaafi yakkaan guutamte irraa dhufan sanatti deebi'anii hin sirreesan. Sana booda deebi'anii dhufanii akkaata itti hojjatamu nutti haa agarsiisaan," jedhan. "Biyyootiin keessan sun gargaarsa keessan barbaaduutii ariitiin deema.
Naansii Peloosiin geejjiba bilisaa ariitiin isiniif mijeessuuf gamadduu akka taate hin shakku." Dubaartoota miseensa kongiresii kamiin akka jecha jiran garuu maqaa hin dhoofne. Garuu waa'ee Aadde Peloosii kaasuun isaa wa'ee Aleksaanderiyaa Osaaziyoo-Korteez, Rashiidaa Tilayib, Ayaanaa Pireeslii fi Ilhaan Omaan dubbate jedhame yaadama. Dubbii himtuun isaa aadde Peloosiin, wanti Tiraamp maxxanse "jibba lammilee biyya biraati (Xenophobic)" jechuun ibsiteetti. "Tiraamp yeroo dubaartoota miseensa kongiresii afuriin biyya keessanitti deebi'aa jedhu, kaaroorri isaa 'Ameerikaa deebisnee guddittii haa goonu' jedhu yeroo hundayyu 'Ameerikaa kan warra adii haa goonu' jechuu isaa ta'uu mirkaneessa," jetti. Dabalataan "Addaa addummaan keenya jabina keenya, tokkummaan keenya humna keenya" jechuun barreessiteetti. Miseensi kongireesi Rashiidaa Tilayib yaadi inni qabu rakkoodha jechuun "aangoora haa kaafamu" jechun gaafatte. Aleksaanderiyaa Osaaziyoo-Korteez ammoo "Ameerikaa nu filattetti amanuun akkuma si rakkise, akka nuti si hin sodannee amanuunis sitti ulfaata" jechuun twitter gubbaatti bareessiteetti. Ilhaan Omaar" olaantumma adii kan mul'isuuf barbaaddu namootni akka keenyaa koongiresii keessatti tajaajiluun karoorakee jibbaan guutame fashalsuuf waan lolluufi," jechuun pireezdaantichaaf deebi laatteetti. Dabalataniis "pirezidaantota aggarree beeknu keessaa isa hamaa, malaammalaa ta'ee fi daandeetti hin qabne dha" jechuun ibsiteetti. Dimookraatoti hedduufi Rippaablikooti muraasi ibsa Tiraamp mormuun kun "jibba sanyumaati" jedhaniiru. Qeeqa irra ga'eef Tiraamp ammatti deebii hin laanne. Sana booda garuu waa'ee godaantoota wiirtuulee to'annaa daangaa US tti qabamanii jiran irratti "Dhiifama, biyya kenyatti isaan gashuu hin dandeenyu" jechuun Twitter gubbaatti barreesseera.
Sana booda garuu waa'ee godaantoota wiirtuulee to'annaa daangaa US tti qabamanii jiran irratti "Dhiifama, biyya kenyatti isaan gashuu hin dandeenyu" jechuun Twitter gubbaatti barreesseera.
'Fiilmiin Faya Dayi' jedhu jiruufi jireenya Oromoo Harargeerratti hojjetame badhaasa Oscar'f kaadhimame Fiilmiin 'Faya Dayi' jiruufi jireenya Oromoo Harargee addunyaatti beeksise badhaasa guddicha Oskaarif kaadhimame Filmiin kuni dhalattuu Itoophiyaa lammummaa Meksikoo qabdu Jasikaa Bashiriin hojjeame. Filmichi afaan sadi: Afaan Oromoo, Hararii fi Amaariffaan hojjatame, Ingiliffaan seeneeffame. Faya Dayiin badhaasa Oskaar 94ffaa damee dokimantarii jedhu jalatti badhaasaaf kaadhimame. Kanneen damee kanaan kaadhimaman walumaagala filmiiwwan 15 dha. Badhaasni Oskaar (Akkaadaamii Awwaard) wagga waggaan kan taasifamu yoo ta'u, dameewwan 10'n badhaasni ni kennama. Kana dura BBC waliin turtii kan taasiste Jasikaan filmicha dalagde xumuruuf wagga 10 akka itti fudhate himte. Filmichi weedduu Oromoon Harargee daboon walii yoo hojjatu sirban eegale. Ittaansee sagalee hasaasaatiin, taatoo muummee kan ta'e dargaggoo Mahaammad Ariif oyiruu jimaa keessatti waahillan isaa waliin haasa'a, waa'ee gara biyya Arabaatti godaanuu. Hiriyyaan Mohaammad gara biyya Awurooppaatti imala eegalee ture. Haadhasaa yaadnaan daandii eegalee Humaraadhaa deebi'ee Harariitti deebi'e. Haati Mahaammad biyya Arabaa deemte jirti. Erga sagaleen ishee jalaa badee tureera. Mohaammadis haadhasaa baayyee yaadeera. Maal taate jechuun yeroo hunda waa'eeshee yaadda'a. Kanaafuu galaana qaxxaamuruun haadhasaa bira dhaquu akka barbaadu hiriyyaa isaatti hima. Hiriyyaansaa garuu ''ati baayyee ijoolleedha'' maal siif godha yoo jedhuun dhagahama. ''Biyya yaaduu yoo eegaltu simbira, qilleensa qulqulluu fi umama yaadda. Kan imaltus yaadannoo waliin...'' Haasaa kunis seensa filmii Fayaa Dayi kanarraayi.
Qopheessituu fi daareekitarri filmii Faayaa Dayi Jeesikaa Bashir jedhamti. Jeesikaan kana dhalattee Meeksikoo Siitiitti yoo ta'u, hanga waggaa 16tti Hararitti guddatte. Maatiinshee ijoollee afur waliin jireenya ho'aa jiraataa turan. Garuu jidduun bara Goolii Diimaa maatiinshee Itoophiyaadhaa yoo baqatan Jeesikaan kan waggaa 16 turte. Erga waggaa 20f jireenya baqattummaa jiraatteen booda akkayyoo ishee umuuriin ganna 98 gaafachuuf Harariitti deebiite. Yeroos kaameeraa xiqqoo qabattee ergaa akkayyoon ishee abbaasheef dabarsan ittiin waraabaa turte. Akkayoon ishees abbaa Jeesikaatiif akkas jechuun ergaa dhaaman, ''Yaa Huseen maaliif hindhufne? Ani dulloomeera garuu qaamni kiyya gadi na dhiisuu dide. Si arguun barbaada. Kanaafuu koottu na boqachiisi.'' Egaan osoo ergaa kana waraabduu ture yaadni filmii 'Fayaa Dayi' kun kan Jeesikaaf dhufeef. Akkayyoo ishee waliin irra deddeebiin erga wal agarteen booda hawaasa keessatti guddatteetti baayyee dhiyaachu fi walitti dhufeenya ummatte. ''Deebi'een walitti dhufeenya uummachuu eegale. Yeroo hunda miira gara biyyaa akkan deebii'u na yaachisuutu keessoo koo jira. Waan na yaachisu sanan waggaa 10f kaameeraa kiyyatti waraabaa ture. " Jeesikaan barnoota filmii UCLA irraa eebbifamtee jirti. Ogeettiin qopheessituu, daarekitaraafi siiniimaatogiraafii taate Jeesikaan amma Niiw Yoork keessa jiraatti. Kanaan duras fiilmiiwwan gaggabaaboo 'He Who Dances on Wood' fi 'Hairat' jedhaman hojjatteetti. Filmiin 'Faya Dayi' sa'aatii lama dheeratu kunis kan argarsiifame bara darbe ture. Filmichis waltajjiiwwan idil-addunyaa maqaa guddaa qaban heedduu irratti dhiyaachuun dinqisiifameera, jaalatameeras.
Xinxaltootaafi hojjattoota filmii dabalatee hawaasa filmiif ijoo dubbii ta'eera. Filmiin Fayaa Dayi kunis feestivaala beekamaa 'Vision Do Real' jedhamuun waggaa waggaan Siwiizarlaandi keessatti qophaa'u irratti badhaafameera. Feestivaaloota biraa irrattis akkasuma fudhatama argate. Miidiyaalee addunyaa gurgoddoonni kan akka The Economist, New York Times, Variety fi kaan biroo illee waa'ee filmii kanaa gabaasaniiru. Fayaa Dayi, filmiiwwan waggaa keessatti ilaalamuu qaban keessa galeera. Filmichi waa'ee araadaa, jireenya godaansaa, ijollummaa, amantaa, jaalala, uumama, hidhaa siyaasaa, dubartummaa, qabsoo bilisummaa, du'a, dargaggummaa, abdii kutannaa, qofummaa, abjuu, maatii, eenyummaafi kan biroolleen ni kaasa. Kana malees waa'ee jireenya, ilaalcha, qabsoo fi injifannoo ummata Hararii bal'inaan kaasa. Haalli walxaxaan filmichi ittiin ergaa dabarsuus boca dhabummaa jireenyaa mul'isa. Taatoowwan filmichaa mataasaanii kanneen miira garaa garaa irratti mul'atu. Taateewwan filmicha keessaa kan qalbii dowwataa hawwataniidha. Filmicha keessatti Afaan Oromoo Hararii fi Amaariffaatu dubbatama. Jeesikaan BBC waliin turtii kan taasifte guyyaa filmiin Fayaa Dayi manneen siniimaa Ameerikaatti ilaalamuu eegaleedha. Jeesikaan itti haasa'uuf kan namatti hin ulfaanneefi dubartii qalbi qabeettiidha. ''Filmii Fayaa Dayi' kanan hojjadhe ofii keenyaa warra magaalaafi gurraachaaf,'' jetti. ''Filmichi kan hojjatamee nuun numaaf. Dubbataas kan jiru numa waliin. Akka waliin dubbannuun barbaada. Kan hojjatame faranjootaaf osoo hintaane numaaf.'' Imaamni Suufii Azuharlaayinii jedhaman osoo bishaan jireenya barabaraa barbaacha deemanu Rabbii jimaa akka kenneef seenaa-afaaniin himama. Harariitti jimaan bu'uura jireenyaati. Jireenyi hundi kan jimaa irratti hundaa'e.
Ta'us, gama dhunfaafi hawaasummaatiin dhiibbaa qabaachunsaa kan hin haalamne. Filmichis jimaan yoo maatii gargaaruus yoo maatii diiguus mul'isa. Jimaan jiraatu malee jireenyi hedduu akkuma miidhamu, sababii isaatinis jiruufi jireenyi namoota hedduu burjaaja'eera. Filmicha keessatti abbaan Mahaammad mirqaanaa jimaan, guyyaa dhaban ammoo ofi jibbuun rakkatu. Ilmasaanii reebu. Dubartiin abbaan warraashee jaalala jimaan qabamee ishee dagates gaddaan marfamteetti. Gama biraatiin ammoo waahillanni Mohaammad maatiisaanii gargaaruuf jimaa baachuufi raabsuu qabu. Kallattiiwwan walxaxaa xin-sammuu, hawaasummaa, diinagdee fi aadaa jimaa filmichaan mul'ataniiru. Wayita Jeesikaan ijoollee turte Harariitti buna, xaafii, bisingaa fi midhaan gosa biraatu biqila ture. Amma garuu biyya kan haguugee oyiruu jimaa magariisa. ''Nama Harariitti guddateef jimaa dhaabuun waan haaraa miti. Amma garuu guutuummaan kan biqilu jimaadha. Maaliif qonni jimaa baayyate? jedheen kanan gaafadhu qonnaan bulaadha,'' jetti. Qonnaan bulaan ammoo, ''Qala'iinsi jireenyaa cimseera. Buna magarsuun jiraachu hindandeenyu,'' jechuun deebiisa. Isaanis kan hordofan waan gabaan barbaaduufi kan isaan deeggaruudha. Dargaggoon ammoo ''hojiin hinjiru, kanaafu haa duunuree?'' jedha. Bara Harariitti bunni dafee jaalalaan dhugamaa ture sanatti, 'dhaloota bakkan dhaqu waanan hinqabneef mee caatiin qama'a' jedhuutti ce'e sana agarsiifti Jeesikaan. Sagalee hawaasa hundaa bakka tokkootti fiduu akka barbaaddu dubbatti. 'Cubbuun waan baayyateef Waaqni Haromaayaa gogse' Filmicha keessatti jechi cubbuun waan baayyateef Waaqni Haroomaayaa gogse jedhu ni dhagahama. Duri guyyaa dhalootaa fi cidhaaf Haroomaayaa deemama ture.
Manni qurxummii ijoolleen Harari ta'an beekan ni deemama ture. Bidiruu, kiyyeessitoota qurxummii kanneen Jeesikaan yeroo ijoolluummaa isheetiin yaadattudha. Waggoota 20 booda gara Harariitti yoo deebiitu, konkolaataadhaan maaloo Haroo biratti na buusi jetteen. ''Anis haricha ilaalee nagaa gaafachuun bira darbuu barbaadeen ture. Bishaanichi gogee loon yoo marga dheedan argeen naasuun goge. Haroon eessa dhaqee? jedheen gaafadhe. Kana arguun baayyee nama dhukkuba. Haroomaayaa, Addellee kaanis gogaa jiru.'' Dargaggoonni guduruu tolfatan maasii keessatti walitti qabamuun akkas jechuun haasa'u. ''Kan duunu lafa keenyaaf, kan ari'atamnu lafa keenya irraayi. Kun hundi Oromoo waan taaneef. Qabsoon keenya haaraa miti. Akaakileefi abaabileen keenyas keessa darbaniiru. Barnoota adda kutuu, hidhamuu, reebamuu fi dararamuun gatii ummata keenyaaf kanfallu. Haarsaan keenyas sirriidha. Hingaabbiinu. Callaqqeen bilisummaa tun nuuf gahaa miti. Qabsoon keenya itti fufa...'' Waggoota 10n Jeesikaan filmiicha itti hojjatteetti haalli siyaasaa fi hawaasummaa Itoophiyaa haalaan geeddarameera. Haqa-maleessummaa balaaleeffachuun mormiin ummataa keessattuu naannoo Oromiyaatti ka'ee gara boqonnaa hedduun ''bara jijjiramaafi ce'umsa'' jedhanitti ce'eera. Amma ammoo, biyyattiin waraanaan raafamaa, rakkoolee hawasummaa fi dinagdee cimaa keessatti argamti. Haalli kunis Jeesikaa irratti akka nama dhuunfaafi oggeettii filmiitti dhiibbaa irraan gahu dubbatti. ''Naannawa 2008 mormiin yoo ka'u qonnaa keessan ture. Ijoolleen qonnaan bulaa mormichatti makaman turan. Kaan isaanii ajjeefamaniiru, barnoota dhaabanii dhokachuuf maasii keessa kan dhufan baayyee turan. Hedduun Yunivarsitii Haaromaayaa turan du'aniiru.
Kan hin eebbifamiin hafanis akkasuma hedduudha. Dhiibbaa siyaasaafi kan barattoota irra gahee ilaalaa turre. Waan dhugaatti ta'aa jiru ilaalaa filmii waraabuu itti fufuun cimaa ture.'' Kana malees humnootiin nageenyaa filmichi akka hinwaraabamne dhaabsiisanii ture. Namoonni fuuldura kaameeraatti dubbachuu sodaataa akka turan yaadatti. Gaazexessitoonni erga dargaggoota dubbisaniin booda yaadni isaanii miidiyaaleen jalliifamee yoo dhiyaatu kan argan turan. Gatii waggoonni 20n sun seenaa Itoophiyaa keessatti qaban hubannoo keessa galchuun ''osoo seenaa namootaa gara kaameeraatti hinfidiin dura dhagahuufi hubachuun yaalaa ture,'' jetti. Filmichi dheekkamsa dargaggoo mul'isa. Hiriyootasaanii dhabuunsaanii isaan miidheera. Biyyattiin ''ce'umsarra jirti'' jedhamulleen wareegama sana hunda booda sagaleensaanii akka dhagahameetti hinamanan. Garuu abdii hinkunne. Jeesikaan maatiinishee biyyaa kan bahan waraana baqachuun ta'ulleen ammas deebiifte waraana argun ishee jeeqa. ''Waraana keessa jiraanneera, baayyees nu dhabsiiseera. Deebiinee waraana yoo agarru baayyee onnee namaa cabsa.'' Filmiin Fayaa Dayi kun adii fi gurraacha (black and white) dha. Haalluunsaa sodaa Mahaammad bakka bu'a jetti Jeesikaan. Haatiisaa Saawudii kan deemte Mohaammad na irraanfatti jedhee sodaata. Xalayaa hedduu barreessuufilleen deebii hinarganne. Mahaammad akkuma haadhasaa godaanu barbaada. Ijoollee Harari hedduus akka biyyaa bahan godheera. ''Anillee haadha waanan ta'eef ijoollee umurii kanaan biyyaa yoo bahuuf murteessan arguun nama dhukkuba. Rakkina ijoollee akka Mahaammad jiran keessa darbaniin agarsiisuu barbaade,'' jetti Jeesikaan. Kanneen karaa seeraan alaatiin namoota daddabarsan ammoo 'bilisaan Saawudii isin geessina' jechuun ijoollee mooksanii qaamasaanii hatu.
Jarreen kunneen poolisiin to'atamanis maallaqa kennuun deebiisanii gadhiifamu. Dhiibbaa baqattumaan namarraan qaqqabsiisu Jeesikaan mataanshee agarte jirti. Isheen gara Itoophiyaatti deebiitulleen abbaanishee baqattummaan baayyee jiraatan. Kanaafuu dhiibbaan baqattummaan maatii irratti qabaatu olaanaa ta'uu dubbatti. Maatiinshee Harari jaallattu keessaa baqatanii kan bahan murtee sa'aatii 24tiin ta'uu yaadatti. Abbaan Jeesikaa osoo Meeksikootti hakimii baqaqsanii wallaanuutiin tajaajilaa jiranu waraanni Itiyoo-Somaalee eegale. Imbaasii Itoophiyaatii bilbilamuun, 'namoonni biyya alaa jirtan hundi koottaa. Weeraramnee jirra!'' jedhame. Osoo bulanii hinooliin Itoophiyaatti deebi'an. Yeroo sana Jeesikaan mucaa waggaa lamaa turte. Abbaanshees loltoota miidhaman wallaanaa Itoophiyaa keessaa turan. Wayita mana barnootaa Kaatolikii Harariitti barattu kan yaadattu, tokkummaa Oromoo, Adaree, Somaalee fi Amaaraa turedha. ''Ijoollummaa gammachisaa ture. Waraana keessatti guddachuun cimaadha. Garuu ammoo waraana keessatti daa'ima ta'uun ni danda'ama. Gammadaatan hiriyyoota kiyya yaadadha,'' jetti. Yeroo waraanaa sana eddoowwan 'Raashiyaa Gibbii' fi 'Kubaa Gibbii' jedhamanitu ture. Loltoota jajjabeessuuf galgala galgala filmiin dirree irratti saaqama ture. Isaaniis ijoollee mandaraa waliin deemanii muka jala taa'uun filmii waraana Raashiyaa fi Jarmanii ilaalaa akka turan yaadatti. Fayaa Dayi kan hojjatamee ijoollee fi dargaggoo Harari waliin ta'uu himti. Meeshaa filmichi ittiin waraabamu baachuun ganamaa hanga galgalaa waliin naannawu ture. Ijoollee walbareen keessaa tokko Mahaammad jetti. Filmichis xalayaa jaalalaa ijoollee Harariif barraa'ee jechuun ni danda'ama. ''Filmichaan jechuun kan barbaade, dargaggoota isin argeera.
Isinan jaaladha. Isin goota. Miira keessan nan hubadha. Umama dinqiidha isin. Haala rakkisaa keessa darbaa jiraachuun keessan gaddisiisaadha. Garuu jabaadhaa, jabaadhuu obbooleessa kiyya! Jabaadhu ilma koo!'' jechuu barbaadeen jetti. ''Imaamoonni vaayibariin bilbiluun filmichi eebbifameeraa? naan jedhu'' Filmichi Ameerikaafi feestivaaloota garaa garaa irratti agarsiifamaa jiraatulleen ganaa Itoophiyaatti dowwattootaaf hin dhiyaanne. Haala qabatamaa biyya keessa jiruutiin filmicha biyya keessatti agarsiisuun cimaa ta'ulleen, hawwiin Jeesikaa filmicha duraan dursitee mana siniimaa Harar keessatti agarsiisuu akka ta'e dubbatti. Manni siniimaa kun filmii ishee irrattis mul'ateera. Wayita isheen daa'ima turte filmiiwwan booliiwuud keessatti ilaalamu ture. Wayita filmicha waraabdeettis Harariitti kan wal hinbariin hinjiru. Daa'imaa hanga beekaatti, Imaamiidhaa hanga daldalaatti walbartee jirti. Kanaafu namoonni sun Harari irraa vaayibariidhaan bilbilanii Niiw Yoorkitti nagaa gaafatu. ''Filmichi eebbifameera? Baqqaa du'aayi goona abshiri! ''Dhagahaa feestivaala deema jettee jirti.'' Imaamoonni kunneen tasgabbii fi dambomummaa na barsiisaniiru jetti. ''Achi Niiw Yoorkiitti yeroo hinqabu, nan deema kan jettu dhiisi. Tasgabbaa'i, kan ammaa irratti xiyyeeffadhu naan jedhu. Dhugaasaaniti,'' jetti. Tasgabbiin Imaamootaa isheetti darbuun filmicha irrattilleen calaqqiseera. Tasgabbiin filmichi ittiin dhiyaatu mataansaa kanneen dowwatanittis ni darba. Wanta filmicha keessaa argattee hunda irra Mohaammad furtuu kiyya jette. Wayita gara waggaa 12 jiru ture kan wal baran. Filmichis jireenyasaa mul'isa. Ganama waraabbii filmichaatiif dursee kan argamuufi galgala hunda booda kan galu isa ture.
Harariitti deddeebiitee filmicha yoo waraabdu mucaashee Niiw Yoorkiitti dhiifte ture. Mohaammad ammoo haatiisaa Saawudii deemte jirti. ''Akkan haadhasaa ta'eetti natti dhagahama ture. Innis ana keessaa haadha barbaada ture. Namoonni hojii filmichaattin wal bare hunduu waan na barsiisan qabu. Barnooticha nan kabaja. Isa keessaan ammoo akkayyoo fi akaakiilee nan kabaja.'' Fayaa Dayi jechuun 'fayyaa dhaa' jechuudha. 'Waan gaariin isiniif haa bahu akka jechuuti. Jeesikaan yeroo jalqabaatiif jecha kana kan dhageesse oyiruu keessa teesseeti. Qonnaan bulaan hojjii cimaa wayita hojjatuutti, isaan keessaa tokkoo weedduu yoo buusuuf 'Fayaa Dayi'' jechuun jalaa qabu. ''Fayaa Dayi yoo jedhan yoo dhagahu miirri kiyya xuqame. Afaan Oromoo hin danda'un ture. Afaanicha beekuu baadhus jechiichi adda akka ta'e natti dhagahame. Ayizoon, jabaadhu! jechuu ta'u yoo natti himan nan boo'e.'' Jeesikaan filmii waggoota 10f kan waraabdee maallaqa mataasheetiin. Hojjattoonni filmii ishee garagaaran Ameerikaas ta'e Itoophiyaarra hinturre. ''Waggaa 10f tasgabbooftee hojjachuuf kan sitti amanu jiraachuu baatus ofitti amanuu qabda. Jireenya kiyyaan waan hunda dhiisee filmicha irratti xiyyeeffachun qaba ture. Yeroo hunda nama cimaa ta'uun hin danda'amu. Dadhabuufi kufuun ni jiraata. Yoon kufuu daandiin ittiin ka'u tokko Fayaa Dayi dhagahuun ture.'' Kanaafu jechi 'Fayaa Dayi' jedhuu qonnaan bultootaaf qofaa osoo hintaane, Jeesikaafis humna kenneefiira. Kanaaf filmii waraabbiinsaa waggaa 10 fudhate kanaaf mata dure godhatte. Fiilmichas akkasiin ibsiti: ''Jireenya kiyya keessatti wanti baayyee bareeda ta'e filmii kana.
Fiilmichas akkasiin ibsiti: ''Jireenya kiyya keessatti wanti baayyee bareeda ta'e filmii kana. Biyyan jaaladhuufi lafan baqadhee keessaa baheetti deebiseen kanan hidhame 'Fayaa Dayi'dhaan...''
Wiil Ismiiz kabballaa isaaf Kiriis Rookifi kaanis dhiifama gaafate Wiil Ismiiz qophii Oscars irratti Kiriis Rookiin kabaluun isaa amala ''sirrii hin taanee fi fudhatama hin qabnedha'' jechuun dhiifama gaafateera. ''Kiriis, ifatti dhiifama si gaafachuun barbaada,'' jedheera ibsa baase irratti. ''Irra darbaan godhe, dogoggoreera.'' Dhiifamni Ismiiz kan dhagaahame erga Oscars gocha Wiil Ismiiz erga balaaleffatee boodadha. Wiil waltajjii irratti kan koomeediyaanii badhaasa kennuuf bahe Kiriisiin kan kabale erga, Kiriis riifeensa haaduu hadha warraa isaa Jaadaarratti qoosuu isaa hordofeeti. ''Amallikoo eda galgalaa wanta dogoggora ta’eee fi fudhatama hin qabnedha. Waa’eekoo baacuun wanta baramedha, garuu wa’ee rakkoo fayyaa haadha warraakoo qoosuun waan na aarseef miira keessan seene.'' ''Amallikoo guyyaa kanaa imala bareedaa nuti qabaachuu qabnu ture balleessuu isaan gaabbeera,'' jechuun barreesseera. Dhabbatti Oscars qindeessuus gocha Wiil Ismiiz akka balaaleffatu dursee ibseera. Jeedaan kana dura dhibee reefensa fixu alopiishiyaa jedhamuun rakkachuu ishee himtee turte. Baacoon ykn qoosaan Kiriis fiilmii bara 1997 kan Demii Moore rifeensashee haaduun irratti hojjetterraa fudhatame. Komeediyaanichi wanta uumameetti riifachuun daawwattootaan, “seenaa TV keessatti kun taatee dinqisiisaa hin dgatamne ta'a,” jechuun dubbateera. Jalqaba irratti lamaanuu dursanii waliin mari’achuun kan baacoo kana qopheessan fakkaata ture. Erga Kabaleen boodas teessuma isaatti deebi'ee irra deddeebiin maqaa haadhawarraakoo hin dhayiin jedhee itti iyyeera. Boodas Rook tole ittiin jedheera waltajjiirra. Kiriis akka rifate sirriitti ni mul’ata ture.
Kiriis akka rifate sirriitti ni mul’ata ture. Kun seenaa Oskaarsi keessatti guyyaa Wiil Ismiiz waltajjii irratti Kiriis Rookiin kabale jedhame ni yaadatama. Jeedaan wa’ee dhibee ishee kana kan jalqaba dubbatte Sagantaa ishee Feesbuukii irratti darbu Red Table Talk jedhamu irratti bara 2018 ture. Galgala badhaasa guddicha addunyaa kana irratti Wiil Ismiiz taatoo cimaa jedhamuun badhaasicha injifateera. Haasaa imimmaaniin dabaalee taasiseen nama jaalalaa ta'uu isaa dubbatee ture. Gochi kun addunyaa guutuutti yaada adda addaa kaaseera. Namootni gariin haadhawarraa isaatiif dhaabachuun sirriidha jedhanii Wiil Ismiiziin deeggaraniiru, gariin ammoo komeediyaanichi dogoggorus gochi Ismiiz darbaadha jedhu. Boordiin jaarmiyaa badhaasa Oscars qopheessuu, Academy of Motion Picture Arts and Sciences, 'Academy's Board of Governors' Wiil Ismiiz irratti tarkaanfii fudhachuu irratti marichachuuf Roobii dhuftutti beellama qabateera.
'Egereen siniimaa, Afrikaadha jedheen yaada' - Kadaar Ahimad Fiilmiin badhaasa injifateeru “The Gravediggers’s Wife” jedhamu, kan gulaalaa muuxannoo qabuun gulaalame fakkata, ta’us garuu kun hojii fiilmii Kadaar Ahimad isa jalqabaadha. Bareedinni, yeroofi tasgabbiin fiilmicha keessatti mul’atu hanqina muuxannoo gulaalaa umuriin isaa ganna 40 kanaa haguuguun dandeettii isaa agarsiisa. Kadaar maatii isaa waliin waraana waliinii Somaaliyaa baqachuun, umurii ganna 16’ti Finlaand seene- garuu mana barumsaa fiilmii seenuu hin dandeenye. “Yeroo meeqa mana barnoota fiilmii seenuu yaalee akkan hin milkaa’in hafe Waaqayyootu beeka,” jechuun BBCtti himeera. Ta’us fiilmii Afaan Somaaliin hojjatee – aadaa madda isaa agarsiisuun galma isaa ture. Ji’a darbe Feestivaala Fiilmii Afrikaa Fespaakoo irratti tokkoffaa ta'uun badhaasa injifachuun isaa Kadaariif, do’iiwwan afaan haadha isaatis qopheessuun daangaa ce’uu akka danda’u mirkaneesseef. Faallaa Booliwuud (Bollywood) Fiilmiin The Gravedigger's Wife kun seenaa jalalaa, baacoo kan of keessaa qabuufi namni tokko nama jaallatu tokko olchuuf hagam akka deemu kan agarsiisudha. Fiilmiin seenaa salphaa, bakkeewwan babal’aa keessatti waraabame kun, seenaa Kadaar dhaga’aa guddate waliin tokko miti. Fiilmii Booliwoodii musiqaafi sirba, akkasumas seenaa gamachuun dhumu yaadata. “Fiilmii kanaaf waan wabii naaf ta’u hin qabu, fiilmii kanaa waliin fiilmiin wal bira qabee madaaluu hin qabun ture,” jedha Kadaar. “Kanaaf, galma ittiin ilaalu ofiikoo uummachuun narra jira ture.” Darbeeyyu, fiilmii Somaalii oggeesaan hojjatame siniimaa keessatti argee akka hin beekne hima.
Adoolessa keessa yemmuu fiilmiin The Gravedigger's Wife, Feestivaala Fiilmii Kannes irratti agarsiifamaa turetti, harmeen isaa boo’aa turte. “Baayyee gammadde,” jedha. “Dhalootni carraa ofii isaanii iskiriinii irratti of arguu qabaatan hedduu miti. Isa uumuun barbaade.” “Miira Sabboonummaa” Fiilmiin The Gravedigger's Wife, biyya ollaa Somaliyaa taate Jibuutii keessatti waraabame, garuu nannicha keessatti hin agarsiifamne. Lammileen Somaliifi namootni hidda Somalii qaban hedduun Fulbaana keessa Feestivaala Fiilmii Idil-addunyaa Toroontoo irratti fiilmicha ilaaluu danda’aniiru. “Hundi isaanii sabbboonummaatu itti dhaga’ame. Fiilmicha ilaalanii boodarra dhufanii na haasofsiisuu isaaniin baayyeen gammade,” jedha Kadaar. Gulaalaan kun hojii inni fiilmii kana uumuuf hojjate, namoota kaaniifis kaka’umsa ni kenna jedha abdata. Mana barumsaa fiilmiitti hin baranne, leenjii fiilmii gulaaluu sirrii hin arganne, akkasumas fiilmii nama biraa irrattillee hojjatee hin beeku. Imalli isaa kun wagga 10 dura yeroo seenaa fiilmichaa jalqaba barresse eegale. Ofiisaa Afaan Somaaliin hogganuuf muratee waan ka’eef, oggummaa isaa fiilmoota jaallatu irraa hanga barutti tursiise. Erga fiilmoota Booliiwuud daawwatee booda, fiilmoota Kooriyaa Kibbaafi Iraan dabalatee fiilmootaa addunyaa ilaaluu eegale. Ta’us garuu fiilmiin isa jajjabeessan harka caalaatti fiilmii Afrikaa keessatti hojjataman ta'uu hima. Keessumaa fiilmoota lammi Moorishees, kan hoogganaa badhaasa Fespakoo ta’e Abderraahmane Sissakoo baayyee dinqisiifata. Fiilmoota kana erga qoratee akkataa hojii isaanii hubatee booda, utuu fiilmii The Gravedigger's Wife hin qopheessiin dura, fiilmii gabaabaa lama qobeesse, afaan Finishiinis fiilmii tokko barreessee ture.
Fiilmoota kana erga qoratee akkataa hojii isaanii hubatee booda, utuu fiilmii The Gravedigger's Wife hin qopheessiin dura, fiilmii gabaabaa lama qobeesse, afaan Finishiinis fiilmii tokko barreessee ture. Amma utuu mana barumsaa fiilmii seeneera ta’e muxannoon sun karaa gaariimoo hamaa na geeddara ture laata jedhee yaada. "Dargaggoota fiilmii qopheessan Afrikaa, warra fiilmii carraa addaa osoo hin argatiin hojjatan, ofii isaanii kaameeraa qabatanii waan barbadan akka hojjataniif jajjabeessuun barbaada. Seenaa ofii isaanii akka barreessan, jireenyaa ofii isaani akka waraabaniifi ofii isaaniin akka hojjataniifan jajjabeessa, sababiin isaa nama hundatu carra qabeessa ta’a miti." Ofii isaa Afrikaa keessatti fiilmii hojjachuu itti fufuu barbaada: “Ardii kanarraan madde, eegereen sinimaas Afrikaadha jedheen yaada. Seenaan hedduu biyyootii lixaa keessatti hojjatamuu hin dandeenye jiru.” “Fiilmichi badhaasa isa guddaadha” Seenaan inni fiilmicha keessatti hime do’ii gaarii akka uuman hima. Ta’us garuu fiilmoota gosa adda addaa yaaluu barbaada. “Fiilmii baacoo, saayinsii-fi, fiilmiilwwan sodaachisoo (horror) fi biroo hojjachuun barbaada,” jedha. Badhaasi Fespakoo argates akka isa kakkasuufi gara fuula duraatti maal akka hojjetu kallattii akka isa qabsiisu dubbata ogeessi fillmii kun.
Aartii Oromoo: 'Lubbuun isaa afuri naan jedhu'- Weellisaa Fayyisaa Furii Sirboota qabiyyee garaagaraa kanneen akka jaalala, warraaqsa fi gorsaa of keessaa qaban, akkasumas ammoo sirboota aadaa sirbuun kan beekamu weellisaa Fayyisaa Furii, waggaa kurna tokkotti siquuf aartiirraa erga fagaatee turee booda tibbana sirba tokkoon as ba'eera. Weellisaa Fayisaa Furii baqannaan biyya Masrii magaalaa Kaayiroo jiraachaa turee gara biyyatti erga deebi'ee booda, sirba mataa dureen isaa''Qondaalaa' jedhu baasee dinqisiifattoota hedduu horateera. Ganna saddeettan darban abdii kutatee aartiirraa erga fagaate booda gara aartiitti deebi'uu dubbata. Weellisaa Fayyisaa Furii seenaa jireenyasaa keessatti muuxannoo fi mudannoosaa nuuf qoodeera. Fayisaan sirboota isaa yeroo jalqabaaf waggaa 13 durhojjeteen dinqisiifattoota hedduu horateera. Kilippii sirboota kannee akka Beenu beenu, Lakkii dhiisi fira kiyya, Yaa intala Booranaa jedhan fa'aan hawaasa biraatti beekamtii argate. ''Muuziqaan sun hojjatamee namni maallaqa baase bita jedhee hin yaadne. Uummata biratti garuu fudhatama argate,''jedha. Weellisaa Fayyisaa Furii albamii lammaffaafi sadaffaa hojjachuuf karoorfatus otoo hin milka'iin hafe. Sana boodas hamilee dhabuun sirba hojjachuu akka addaan kute hima. Akka weellisaa Fayisaa Furii jedhutti, albamni isaa jalqabaa hamma eegamee ol dhageettii guddaa argatullee maallaqi irraa argame garuu kan hamilee nama buusu ture. Fayyisaan waggoota saddeet booda sirbatti deebi'uuf maaltu akka hamilee isaaf ta'e wayita dubbatu,''guddina afaaniifi aartii Oromoof gumaachuuf jechan itti deebi'e,'' jedhe. ''Tattaaffii Oromoon roorroo jalaa bahuuf godhu gargaaruufin itti deebi'e malee fayidaaf miti.''
Waggoota saddeetiif aartiirraa fagaachuutu akka gaabbe kan himu weellisaa Fayyisaa Furii, sirba qeenxee tibbana kilippiidhaan hojjete keessatti qondaala mata duree jedhu maaliif akka filatee fi maal ibsuuf akka itti fayyadame akkanaan ibsa. ''Qondaaala jechuun nama gootummaan diina ajjeesee roorroo biyyarraa cabsu,''jedha Fayisaa. ''Diinni ykn bineensi jajjabaan akka leenca fa'aa naannoo tokko wayita weeraru duulli waamama. Duulli sun Abbaa Duulaa qaba, qondaalli duula sana keessatti nama roorroo biyyarraa ittisuudha,'' jedha. Sirba haaraa baase kana Qindeessaa Muuziqaa Abrahaam Kidaanetu qindeesseef, Vizhiin Intarteeyiment(Vision Entertainment)ammoo viidiyoosaa maallaqaan deeggaruun hojjateera. Walaloo sirba qondaala jedhu kanaa ofumaa barreessuu kan himu Fayisaan, sirboota baasu hundumaa ofisaatiif walaloofi yeedaloo akka baafatu dubbateera. Kana dura hojiif biyyoota Arabaa kanneen akka Qaataar fi UAE deemee akka beeku kan dubbatu Fayisaan, Magaalaa guddoo Masrii Kaayiroo keessammoo baqatummaan jiraateera. Wayita Kaayiroo turetti jiruu hammaattuu dabarse irraa ka'uun walaloo kanaa fi kanneen kana fafakkaatan barreessaa akka ture hima. ''Jiruu biyya namaa, cufa hin gammadanii Dirratti uffatanii, keessatti daaranii,''jedhee ibse Fayyisaan. Keessattuu lammilee Itoophiyaa ta'anii Kaayiroo keessa jiraachuun rakkoo akka ture waan keessa jiratee argerraa waan muraasa nutti himeera Fayyisaan. ''Kaariyoo mandara durii 'Old city' daandiiwwan dhidhiphoo qaban keessan jiraadhe. Karaa dhiphaa sana keessa wayita deeman namoonni killee mataarratti irra deddeebiin caccabsaa turan,'' jechuun aan isas mudate hima. ''Nama biyya biraa waan taaneef qofa gaaf tokko hanqaaquu shan mataarratti nu cabsan.''
Hiriyaasaafi namoota inni beeku biroorratti killeen cabuu dubbata Fayyisaan. Sababii kanaaf manaa bahuun rakkoo akka ture kaase. Lammileen biyyatti muraasni ''Isin warra abbaa Naayil jettanii of waamtan sanii? ''jedhanii Afaan Arabaan itti qoosaa gaafataaniillee akka turan kaase. Magaalicha keessa garuu dhalattoonni Itoophiyaa kumatamatti lakka'aman akka jiraatan dubbata. Bara 2013 roorroon gama hedduu itti hammaatee akka biyyaa ba'e kan dubbatu Fayyisaan, ammaan booda garuu erga gara aartiitti deebi'ee hojii hedduu karoorfatee akka jiru hima. Fuulduratti Keeniyaa Taanaa Rivaar dhaqee waa'ee gosa Oromoo Ormaa irratti wallee hojjachuuf karoora akka qabu dubbate. Toora YouTube irratti sirboonni Afaan Oromoo ilaalamuufi namoonni sirboota Afaan Oromoo beeksisan jabaachaa jiraachuun jijjiramni gama guddina aartii Oromoon mul'achaa jiraachuu mul'isa jedhe Fayisaan. Abbootiin qabeenyaa Oromoo aartii Oromoo deeggaruu akka qabanis dhaameera. ''Aartistoonni Oromoo mana lama qabuu. Tokko mana kiraati kaan mana hidhaati''kan jedhu Fayisaan akka aartiin hin kufne dureeyyiin maallaqaan deeggaruu qabu jedhe. Fayisaan jireenya isaa keessatti mudannoowwan lubbusaa baasu danda'an irraa jajjaboo tarreessuun ''rabbi na miliqse, na jaalata'' jedhe. ''Bu'aa bahiin keessa darbe, wantin jireenya koo keessatti arge cimina naaf ta'eera.'' Fayisaan mukarraa kufee miilli cabuu, bishaaniin nyaatamuu, dhukkubsatee sa'aatii 24 keessatti of baruufi balaa konkolaataa lubbuu namootaa galaafateerra hafuu fa'a ;akka mudannoo jajjabootti kaaseera. Kanarraa ka'uun namoonni, ''Fayisaa Furii lubbuun isaa afurii,'' akka jedhaniin hime. Fayisaa Furii Godina Arsii Lixaa Negellee Arsiitti dhalatee guddate. Barnoota sadarkaa 1ffaafi 2ffaa achumatti barate.
Barnoota sadarkaa 1ffaafi 2ffaa achumatti barate. Kutaa7 fi 8 mana barnotaa lafa dhaqaaf galli sa'aatii lamaa ol deemsisu miilaan marmaaree, roobafi aduu danda'ee, maatiisaa gargaaraa barachaa akka ture dubbata. Fayisaan abbaan isaa ijoollummaan boqochuurraan kan ka'e haadhaafi obbolootaasaa afur gargaaraa barachaa ture. Barnootaan sadarkaa kolleejjii erga qaqqabee booda barnootasaa addaan kute.
Artiist Zarihuun Wadaajoof maatiin deeggarsa gaafatan Gameessi aartii Oromoo albamoota torbafi sirboota qeenxee garaagaraa hojjete Zarihuun Wadaajoo yeroo ammaatti magaala Adaamaa Hospitaala Riftvaaliitti yaalamaa jiraachuu haati warraasaanii aadde Olaantuu Gammachuu BBCti himaniiru. "Dheengadda /Sanbata xiqqaa/ gara hospitaalaa seenan. Dura xiqqoo dhukkube jennaan hakiima dhuunfaa geessine. Achirraa riifarii gamana nuf barreessaninaan as jirra" jedhan aadde Olaantuun. "Kutaa isa olaanaa /ICU/ jira. Oksijiiniirra jira. Kaleenis xiqqoo tuqameera jedhan. Onneenis sombis tuqameera jedhan" jechuun haala artiist Zarihuun Wadaajoo amma irra jiran himaniiru. "Dheengadda du'ee oole. Rabbiin yaa galatu amma xiqqoo wayyaadha" kan jedhan haati warraa artiist Zarihuun aadde Olaantuun artiistichi yeroo ammaatti dubbachuu akka hin dandeenye himan. "Artiist Zarihuun yaala gahaa hin arganne…" Artiist Zarihuun Wadaajoo reebicha yeroo garaagaraatti manneen hidhaa keessatti irratti raawwatameen dhibee narviif saaxilamuusaa gaaffiif deebii bara darbe BBC walin taasiseen dubbatee ture. Ajjeechaa artiist Haacaaluu Hundeessaan walqabatee rifaatuun dhukkubsachuusaa BBCti kan himan aadde Olaantuu Gammachuu, yaala fooyyee argachuu dhabuun artiist Zarihuun Wadaajoo dhibeen akka itti hammaatu taasisuu himan. "Sa'aa 24 qorichuma binna, manuma yaalaa geessina. Yaalii gahaa hin arganne. Osoo yaalii gahaa argatee akkatti laaffisee sadarkaa du'aarra hin geessu ture" jedhan. Wal'aansa artiistichaaf tattaafachaa turuu kan himan aadde Olaantuun, amma garuu humna isaaniitii ol ta'uu himan. "Ummatni Oromoo nama kana wal'aannatee eebba irraa fudhachuu qaba" jechuunis fayyaan artiistichaa akka deebi'uuf gargaarsa uummataa gaafataniiru.
"Ummatni Oromoo nama kana wal'aannatee eebba irraa fudhachuu qaba" jechuunis fayyaan artiistichaa akka deebi'uuf gargaarsa uummataa gaafataniiru. Artiist Zarihuun Wadaajoo maatiisaa walin magaala Burraayyuu keessa mana kireeffatanii akka jiraatan kan himan haati warraa artiist Zarihun aadde Olaantuu Gammachuu, qorri magaalichaas dhukkuba isaaniif sababa isa tokko ta'uu himan. Waa'ee artiist Zarihuun Wadaajoo… Artiist Zarihuun nama umrii waggaa 62 yemmuu ta'an hojii aartii bara 1967 akka eegalan maatiin himu. Gaafif deebii BBC walin kanaan dura taasiseen artiistichi albamoota torbafi sirboota qeenxee hojjetus uummatni sirbootasaa dhaggeeffatee akka dammaquuf tolan gadhiisun ala gurgurtaadhaan maallaqa akka irraa hin arganne himee ture. Kana malees artiist Zarihuun waggoota muraasaaf biyya Ameerikaa baqaarra erga turee booda gara biyyaa deebi'e.
The Gravedigger's Wife: Seenaa jaalalaa Somaaliyaa badhaasa fiilmii Afriikaa isa ol-aanaa mo'ate Fiilmiin Somaalii kan waa'ee namoonni jaalalaaf jecha raawwatan himu badhaasa kabajamaa ta'e feestivaala Paan-Afriikaa Burkinaa Fassootti qophaa'eerratti badhaafame. Fiilmiin mata-dureen isaa ''The Gravedigger's Wife'' jedhu kun barreeffamuun hojjatamee lammii Finish- Somaalii kan ta'e Khaadaar Ahimadiin yoo ta'u, fiilmiiwwan gara biraa 16 mo'achuun badhaasicha injifate. Fiilmiin kun kan xiyyeefatu Guleed kan hojiinsaa namoota du'an awwaaluuf hosipitaalaan ala taa'uun eeggatu, waan inni haadha warraasaa dhukkubsattu fayyisuuf raawwate irratti. Hogganaan gumii badhaasichaatiis fiilmii gootaati jechuun leellisuusaa Rooyitars gabaaseera. ''Fiilmii bareedduu seenaa namaa kan hiimudha,'' jedhan Daarektarri Filmii Maaritaaniyaa Abderahmaan Sisiaakoo. "Ani kabaja sodaa keessan jira. Dubbachuuf jecha hin qabu. Jaalala akkassii ardii keenya irraa kabajaafi ulfinan qabu ibsachuuf jechi naaf ibsuu hin danda'u,'' jechuun toora instaagiram isaarratti barreesse Ahimad. Filmiin kun Somaaliyaaf jalqabaa ramaddii fiilmiiwwan gaarii Idil-adduunyaa kan seeneedha. Teessoo isaa Jabutii godhachuudhaan rakkoolee Guleed wallaansa haadha warraa isaatiif maallaqa walitti qabachuuf mudatan balliinaan ibsa. Taatoon kun Omaar Abdiitiin kan taphatamedha. Guleed maallaqa argatee haati warraa isaa akka lubbuun haftuuf, hanga namoonni kaan du'aniitti eeggachuu qaba, sababii hojiinsaa namoota du'an awwaaluu ta'eef. ''Seenaa karaa kabaja, gaddaafi jaalalaatiin ibsuu barbaade. Kunneen hundinu waanan ani keessatti guddadhedha,'' jechuun ture Ahmad gaazexaa the Guardian jedhamuutti kan himan.
Kunneen hundinu waanan ani keessatti guddadhedha,'' jechuun ture Ahmad gaazexaa the Guardian jedhamuutti kan himan. Innis Somaaliyaa keessatti dhalate garuu wayita ijoollee turetti gara Fiinlaand eeme. Fiilmiinsaa hojjachuuf waggaa 10 isa fudhate. Ahmad kan barreessee waggoota 10 ardura ture garuu ofumasaatiin hoggannuu barbaade. Kanaaf, akkamiin daarektara ta'uu akka danda'amu bate. Ahmad badhaasa kabajamaa 'the Golden Stallion of Yennenga'' jedham umo'achuun alattis, kennaa callaanis doolaara 36,000 argateera. Badhaasni Meetiin ammoo daareektara lammii Haatii kan taatee Gessikaa Geene'us fiilmiishee 'Freda jedhuuf ture kan kenname. Sadarkaa sadaffaan ykn Naasa ammoo Daareektara lammii Tuniziyaa Leeylaa Bouzid fiilmii ''Tale of Love and Desire'' jedhuuf badhaafamaniiru.
Siidaan MM jalqabaa Kaanaadaa 'duguuggaa sanyiin' himatamanii diigame Rogeeyyiin biyya Kaanaadaa magaalaa Moontiriyaal siidaa Ministira Muummee jalqabaa biyyattii Sar Joon A MaakDoonaaldi diigan. Bulchaan duraanii biyyattii kuni tarsiimoowwan hamaa dhuma jaarraa 19ffaa keessa namoota duraan naannoo sana turan fixe waliin maqaansaanii wal-qabata. Ministirri Muummee kuni ummanni jalqabaa biyyattiitti qubachaa ture hanga tole jechuun daangaa isaanii gadhiisanitti beelaafi dhibeen akka dhuman taasisaniiru jedhamuun ni himatamu. Mataan siidaa kanaa daandii achitti argamurra yoo kufu viidiyoon mul’isu kan ba’e yoo ta’u, hogganaan bulchiinsa Kiiwubeek ‘‘kuni fudhatama hin qabu’’ jechuun balaaleffataniiru. "Qaama seenaa keenyaa barbadeessuun furmaata miti,’’ jedhani Firaankoo Leegoo. Akka miidiyaan Kaanaadaa CBC’n gabaasetti, amma yoonaatti namni to’atame hin jiru. MaakDoonaaldi 1860-1890 gidduu waggoota 19’f Ministira Muummee Kaanaadaa kan turan yoo ta’u, biyya ijaaruudhaan yaadatamu. Tarsiimoo ‘residential schools system’ jedhamu kan uumanis isaani. Jaarraa tokkoo oliif tarsiimoon kun ummata duraan achi jiraachaa turan keessaa yoo xiqqaate daa’imman 150,000 ta’an manneen barnootaa turtii mootummaan ijaaretti humnaan geeffamuun akka baratan taasiseera. Daa’imman hedduun dhaanamuun gariin isaanii kan du’an yoo ta’u, afaan isaaniitiin akka hin dubbanneefi aadaa isaanii akka hin calaqqifneef dhorkamanii turani. Gabaasni mootummaa 2015’tti ba’e tokko gochaan kun ‘‘duguuggaa aadaati’’ jedhee ture. Muummichi Kiiwubeek Firaankoo Leegoo Tiwiitara gubbaa akkas jechuun barreessani, ‘‘namni kamiyyuu waa’ee MaakDoonaaldi waan fedhe yaaduu mala, garuu siidaa akkasitti diiguun fudhatama hin qabu.
Muummichi Kiiwubeek Firaankoo Leegoo Tiwiitara gubbaa akkas jechuun barreessani, ‘‘namni kamiyyuu waa’ee MaakDoonaaldi waan fedhe yaaduu mala, garuu siidaa akkasitti diiguun fudhatama hin qabu. Sanyummaa falmachuu qabna, qaamaa seenaa keenyaa mancaasuun garuu furmaata miti. Hokkorri dimokraasii keenya keessatti iddoo hin qabu, siidaan kunis bakkatti deebi’uu qaba.’’ Akka CBC'n gabaasetti barreeffamni mormii Sanbata har’aa taasifame irratti raabsame MaakDoonaaldiin akkas jechuun himata: ‘‘Nama adii jibba sanyummaa qabuufi maqaa manneen barnootaa turtiitiin duguuggaa ummattoota naannoo sana jiraatanii kan qindeessedha.’’ Kantiibaan magaalattii Vaalarii Pilaanteef siidaan kun akka kaafamuuf iyyanni mallattoo namootaa qabu dhiyaatuufis tarkaanfii fudhachuu waan hafaniif, rogeeyyiin ofiisaaniitiin kana gochuuf murteessani jedhame. Ji’oota muraasa darbanitti siidaawwan jibba sanyummaa barsiisu jedhamanii yaadaman hedduun guutuu addunyaatti diigamaa turaniiru.
Sheek Mohaammad Rashaad Abdullee guddina Afaan Oromoof maal gumaachan? Sheekh Mohammad Rashaad, abbaa isaanii Kabiir Abdullee Kabiir Muummayyaa fi haadha isaanii Faaxumaa Shurraa Ahimad irraa, bara 1934 Godina Harargee Lixaa Aanaa Gubbaa Qorichaa Ganda Laga Arbaa keeessatti dhalatan. Umurii ijoollummaasaaniitti barnoota amantii hordofuuf fedhii guddaa agarsiisaa turan kan jedhan ilmi isaanii kan amma Sa'uudii Arabiyaa, magaalaa Makkaa jiraatan Kaaliid Rashaad, garuu abbaansaanii qe'eerraa fagaatee akka baratu iyyamaafii hin turre jedhan. Boodarra Sheek Mohaammad Rashaad dandeettiisaatiin abbaasaa amansiise kan jedhan Sheek Kaalid Rashaad sanaan booda abbaanis akka fedhe Harargee bal'oo keessa imalee akka baratu iyyamaniif jedhan. Bakkaa bakkatti imalanii namoota beekumsa qaban irraa waa barachuu kan aadeffatan Sheek Mohaammad Rashaad Abdullee imallisaanii biyya keessatti qofa murtaa'ee hin hafne. ''Sheek Mohaammad Rashaad ijoollummaatti barnoota amantii, falaasama amantii fi seerluga afaan Aarabaa sirriitti waan barataniif gara biyyoota Arabaa imaluu yaadi dhufteef. Biyya keessatti aalimota jajjaboo kanneen Sheek Abuubakar Saaphaloo irraa falaasama jiruu fi jireenyaa, haala qabsoo fi barnoota amantii Islaamaa barateera'' jedhan Sheek Kaaliid Rashaad. Sheek Mohaammad Rashaad Abdullee dhalatee umurii waggaa 15tti bara 1949 biyyaa bahee gara biyyoota Arabaatti qajeele. ''Jalqaba gara Jibuutii imale. Jibuutiin Yaman seene. Achirraa Sa'uudii seenee bara 1950 hajjii godhe. Sa'uudiis osoo baay'ee hin turin gara Sooriyaa imalee magaalaa Damaasqoo keessa waggaa shan jiraate,'' Jedhan Sheek Kaaliid Rashaad. Sheek Mohaammad Rashaad Abdullee Sooriyaa keessatti mana barnootaa 'Fatul Islaam' jedhamutti waggaa shan erga baratanii booda 'Muftii' ta'uun beekamtii argatan.
Sooriyaa keessatti imaama masjiidotaa ta'uurraa hanga Jum'aa kuxbaa ykn dhaamsa barnoota amantii dhageessisuutti erga tajaajilanii booda bara 1956 gara Masrii imaluun carraa Yuuniversitii al-Azhar seenanii barachuu argatan. Waa'ee Oromummaaf quuqamuun xiiqeffatee hojjetuu akkuma Yuuniversitii al-Azhar seeneen eegale jedhu ilmi isaanii Sheek Kaaliid Rashaad. ''Bara 1956 akkuma yuuniversitii al-Azhaar seeneen biyyoonni hunduu afaan fi aadaa akkasumas eenyummaansaanii wayita calaqqisan onnachuu eegale. Mana kitaabaa wayita deemu seenaan biyyoota garaagaraa haala nama hawwatuun katabamee jira. Kun hundi osoo qubeedhaan ta'eewoo jedhee yaaduu eegale,'' jedhan Sheek Kaaliid Rashaad. Wayita sana abbaan isaanii ,''Nutis seenaa himamu qabna, afaan dubbatamu qabna, qubee ittiin qubeessinu qabna. Kana hunda miidiyaadhaan mul'isuu waan barbaannuuf miidiyaa nuuf iyyamaa,'' jedhee gaafachaa akka ture dubbatu Sheek Kaaliid. Sheek Mohaammad Rashaad Abdullee Yuunivarsitii al-Ahzar irraa bara 1962 qabxii ol'aanaadhaan eebbifamuun bulchaa Masrii yeroo Sanaa Jamaal Abdal Naasir harkaa waraqaa beekamtii fudhatan. Sheek Mohaammad Rashaad Abdullee bara 1962 Yuunivarsitii al-Azhar irraa eebbifamanii achumatti ramadaman. Hawaasa Itoophiyaa Masrii jiran waliin walargaa kan turan Sheek Mohaammad Rashaad hiriira qindeessuun sirna bulchiinsaa Haayilasillaasee mormaa turan. Namoota wayita sana hiriira ba'aa turan keessaa kanneen gara biyyaa deebi'an adamsamanii hidhamaa fi ajjeefamaa waan turaniif miirri biyyattii deebi'anii barsiisuu Sheek Mohaammad Rashaad Abdullee keessaa badee ture. Yuunivarsitiin al-Azhar Sheek Mohaammad Rashaad akkaan kan kabajuu fi iddoo guddaa qabaachaafii waan tureef rakkootti erguu hin barbaanne ture. Utuma kanaan jiranii wayita Somaaleen guutummaatti walabummaashee gonfattu Yuunivarsitiin al-Azhar bara 1963 Sheek Mohammad Rashaad Abdullee Somaaliyaatti erge.
Somaaliyaatti waggaa sadiif imaama masjiidaa fi barsiisaa amantii ta'ee erga hojjetee booda mootummaan Somaaliyaa hojjetaa mootummaa godhan. Sheek Mohaammad Rashaad Abdullee wayita waajjira mootummaa Somaaliyaa keessa hojjechuuf carraa argatanitti dhimma Afaan Oromoo fi qubee irratti qiyyaafatan. Bara 1965 sagantaan raadiyoo Afaan Oromoo Moqadishoo irraa darbuu kan jalqabe tattaaffii isaan godhaniin ta'uu dubbatu Sheek Kaalid Rashaad. Raadiyoo sagantaa Afaan Oromoo jalqaba daqiiqaa 15 achiis gara 30tti achirraa ammo gara sa'atii tokkootti guddate. Garuu qormaatis isaan mudateera jedhu Sheek Kaaliid Rashaad Abdullee. ''Wayita sana Raadiyoo Maqadishoo akkaan jaal'atamuu eegale. Isa booda Haayilasillaaseen Raadiyoo Afaan Oromoo kan biraa magaalaa Hararitti eegalsiise. Ergaa raadiyoo Moqadishoo irraa dhufte gufachiisuuf waan hedduu hojjetan.'' Wayita raadiyoo Moqadishoo keessa hojjechaa turetti artistoota garee Afran Qalloo hedduu akka utubaa turanis dubbatu. Bara bulchiinsa mootii Haayilasillaasee wayita rakkoon gareen Afran Qal'oo hudhee qabetti kan Somaaliyaatti waamee da'oo ta'eef Sheek Mohammad Rashaad Abdulleeti jedhu ilmisaanii Sheek Kaaliid Rashaad. ''Yeroo jalqabaatiif Moqadhishootti garee Afran Qalloo simatee kan meeshaalee muuziqaa ammayyaa biteefii humna ta'eef Sheek Mohammad Rashaad Abdulleeti.'' Mootii Somaaliyaa yeroo Sanaa Ziyaad Barree biratti fudhatama guddaa kan qaban Sheek Mohaammad Rashaad Abdullee wayita sana hundeessitoota dhaaba Adda Bilisummaa Oromoo waliin qindoomuun waa'ee Oromoo fi Oromummaarratti xiyyeeffatanii hojjetaa turan akka Sheek Kaaliid jedhanitti. Sheek Mohaammad Rashaad Abdullee wayita Somaaliyaa turanitti hojii guddaan isaan hojjetan keessaa tokko Afaan Oromoo guddisuu ture. Aadaa fi Tuurizimii biyyattii keessa wayita hojjetaa turanitti hayyoota biyyattii waliin ta'uun afaan Somaaleetiif qubee moggaasan. Wayita kana hojjetan garuu kaayyoon dhokataan isaanii keessa Afaan Oromoo fi qubee babal'isuu ture.
Hawwiin Sheek Mohaammad ittumaa milkaa'aa deemee bara 1973 kitaaba Furaa Afaan Oromoo jedhamu qubee Afaan Oromootiin barreessanii dhiyeessan. Qabsaa'onni isaan booda dhufan kitaaba isaanii kana bu'uura godhachuudhaan qubee Afaan Oromoo guddisuu, ittiin barreessuu fi ittiin hojjechuu eegalan. Kitaabni Mohaammad Rashaad Abdullee Furtuu jedhamu miseensota gameeyyii Adda Bilisummaa Oromoo harka seenuun Somaaliyaa, Sudaan, Jibuutii fi Itoophiyaa keessa naanna'ee ittiin barsiifamaa ture jedhu Sheek Kaaliid. Sheek Mohaammad Rashaad Abdullee osooma karaa Raadiyoo Somaalee dhimmoota amantii barsiisanii bara 1983 Hagayya keessa gara biyyoota Arabaa ergaman. Wayita sana haala amantii Islaamaa naannawa biyyoota Baha Afrikaa qorachuuf akkasumas seenaa ummata Somaaliyaa qorachuuf biiroo aadaa Somaaliyaatiin gara Sa'uudii, Kuweet, Iraaq fi Yaman ergaman jedhan Sheek Kaaliid. Sheek Mohaammad garuu dalagaa deemaniif cinaatti waa'ee ummata Oromoo biyyoota Arabaatti beeksisuu fi seenaa Oromoo qorachuun barreessuu eegalan jedhu. Erga hojiisaanii geessaniis gara Moqadishoo deebi'uu dhiisanii Sa'uudiitti hafanii waa'ee Oromoo kana itti fufe jedhan. Ergasii mootummaa Somaalee waliin waldhabanii Sa'uudii Arabiyaa turanii kitaaban Afaan Oromootiin barreessuu fi kan Afaan Arabaan barraa'an gara Afaan Oromootti hiiku eegalan. Uummanni Oromoo akkamiin afaan isaatiin amantii Islaamaa barachuu akka danda'u kan hojjechaa turan Sheekh Mohammed Rashaad yeroo jalqabaaf qur'aana guutuu Afaan Oromootti hiikuudhaan nama milkaa'aniidha. Qur'aana guutuu Afaan Oromootti hiikuun waggaa 25 itti fudhate kan jedhan Sheek Kaaliid Rashaad namni kan ittiin isaan beeku Qur'aana hiikuudhaan ta'ullee isaan garuu kitaabota amantii 29 Afaan Oromootiin qopheessaniiru jedhan. ''Hanga ammaatti kan uummata bira ga'e hiikaa qur'aana qofa.
Kanaan booda kitaabolee isaanii biro kan hanga ammaatti hawaasa bira hin geenye dhiyeessuuf jirra. Kitaabilee amantii, kan seenaa Oromoo, hiikaa jechootaa kan Afaan Arabaa irraa gara Afaan Oromootti hiiku hedduutu jiru.'' Qur'aana Afaan Oromootti kan hiikanirratti dabalataan sagaleedhaanis waraabuudhaan kaasetaan qopheessaniiru. ''Bara 1990 magaalaa Madiinaa keessatti qur'aana guutuu kaasetaan maxxansan. Baruma sana fuudhanii kaaseta biyya galchanii raabsan.'' Kitaaba amantii malees tooftaawwan riphee lotummaa, Seenaa gaanfa Afriikaa, Geerarsa Oromoo, Seenaa Ahmad Giraanyi, Akkaataan qubeen Afaan Oromoo itti taa'urratti kitaaba hedduu barreesaniiru. Qur'aana Afaan biraatti hiikuun akkaan kan ulfaatuu fi humna dandeettii fi maallaqa guddaa kan gaafatu ta'us Sheek Mohammad Rashaad garuu hamilee fi fedhii qabuun of utubee milkaa'eera. Gargaarsa tokko malee ifaajee waggoota kurna saditti siiqu booda waan guddoo kana uumatasaaniif gumaachan. Ifaajeesaanii kana qormaanni hedduun mudateera, Afaan kun Qur'aana ittiin hiikuuf ga'umsa hin qabu ittiin jechaa turan. Sheek Mohammad Rashaad Abdullee Qur'aana barreeffamaanis ta'e sagaleedhaan Afaan Oromootti kan hiikeef irraa fayyadamuuf osoo hin taane uummatasaa wal'aalummaa jalaa baasuuf ture. Hojiisaas erga maxxansiisee booda tola uummatasaaf hire. Afaan Oromootiin waan gurguddaa hojjechuun akka danda'amu ifaajee mataasaatiin addunyaatti mul'iseera. Akkuma olitti ibsametti, Sheekh Mahammad Rashaad nama barnootaa ti. Hayyuu afaan Oromoo, Soomaalee fii Arabaa ti. Amantii malees, Falsafaa, taligaa haala namaa, heera taliga`aa, Ilminnafsi, Joograafii fii barnoota miya lolaa nama barate. Sheekni barruu leexaa malees nama Kitaabota waa'ee Amantii Islaamaa Afaan Arabaa fi Afaan Oromootiin barreessuun akkasumas hojii aartii fi guddina Afaaniirratti hojjetaniin giti digirii lammaffaa(MA degree) kennameeraaf.
Dandeettiisaanii akkuma cimsataa deemaniin akkasumas tajaajila barnootaa bilisaan akkuma hawaasaaf kennaa deemaniin hojiisaanii kanaaf Yuuniversitii biyya Ingiliiz irraa digirii sadaffaa(PhD) argatan. Sheekh Mohammad Rashaad Abdullee bara 2009 jiruu baqqaa guutummaatti dhiisanii biyya Sa'uudii irraa gara biyyaa galan. Waggoota Afuriif magaalaa Adaamaa erga jiraatanii booda bara 2013 ji'a 5ffaa guyyaa 25 tti magaalaa Dirree Dhawaatti imalanii turban lama keessatti umurii waggaa 79tti aakiraman. Sheek Mohammad Rashaad ijoollee dhiiraa afurii fi dhalaa tokko walumatti abbaa ijoollee shanii turan. Sheek Mohammad Rashaad erga gara biyyaa deebi'aniis ejjennoosaanii duraaniirraa duubatti hin jenne. Waan itti dhagahame dubbachuu, waan dabe dubbatanii sirreessuu fi mirga namaaf falmuu ittuma fufan. Keessattuu wayita mootummaan amantii keessa seenee laaqaa ture jedhametti yaadasaanii gumaachuun dogoggora ta'uu dubbachuusaaniitiin akka hacuucamaa turan himu Sheek Kaaliid Rashaad. ''Gumaacha Sheek Mohammad Rashaad Abdulleef bakki malu hin kennamne'' Ijoollee Sheek Mohammad Rashaad Abdullee keessaa lammaffaarratti kan dhalatan yeroo ammaa magaalaa Makkaa kan jiraatan Sheek Kaaliid Rashaad gumaachi abbaasaanii galata malee hafe jedhan. ''Kitaabban isaanii fi seenaa isaanii akkan olkaa'ee uummata Oromoof qoodu amaanaa natti dhiisanii du'an. Uummanni keenya garuu nama waan guddaa gumaacheef kana maqaasaanii kaasuu waan barbaadan hin se'u. An garuu hojiisaa olkaa'een jira waan ta'eef uummata biraan ga'uuf qophaa'aan jira.'' Akka namoota Oromoof waa gumaachan kan biroof xiyyeeffannaa kennu maatii Sheek Mohammad Rashaad Abdullee mootummaan iyyaafachuu dhabuusaatti ni komanna jedhan Sheek Kaaliid Rashaad. Keessattuu haati warraa Sheek Mohammad Rashaad isaan amma magaalaa Adaamaa jiran akkaan gargaarsa barbaadu jedhan.
Keessattuu haati warraa Sheek Mohammad Rashaad isaan amma magaalaa Adaamaa jiran akkaan gargaarsa barbaadu jedhan. Kanaafuu mootummaa naannoo Oromiyaas ta'e uummanni Oromoo nama seenaa boonsaa qusateefii darbe kana yaadachuun akka maatiisaa gargaarun gaafadha jedhan Sheek Kaaliid Rashaad.
Aartiifi Aadaa: Daddaraaroon Oromiyaa eessa jira? Fedhiifi dandeettii aartii ol adeemtota ijoollee Oromoo deggeruun baadiyyaa Oromiyaa keessaa waltajjiitti baasee aartii Oromoo gama hundaan fuulduratti tarkaanfachiisuu kaayyeeffatee kan hundaa'e Daddaraaroon Oromiyaa uummata Oromoof soora qalbii ture, hedduuf ammoo biddeena ta'eera. Aartistoota jiruu aartii isaaniif Daddaraaroon daandii saaqeef muraasni dubbisne Daddaraaroon carraadha, carraa barnootaa ijoollee baadiyyaarraa fagoo jiru itti dhiyeessee akkaan kan qaraa tureedha jedhan. Daddaraaroon yeroo tokko qalbii uummata Oromoo keessa seenee ture amma eessa buuteensaa dhabameera, ijoolleen inni hundeeffameef garuu ammallee dandeettii baatanii baadiyyaa jiru. Daddaraaroo si'eessituu aartii Oromoo ta'e addaan kutuun fafa ta'ullee, haalonni dirqamsiisuu dubbatu, , Obbo Diimaa Abarraa qindeessaa garee Daddaraaroo Oromiyaa turan. Biiroon aadaa fi tuurizimii Oromiyaa daddaraaroo deebisuuf itti cichee hojjechuurratti hanqina qaba jedhu namoonni dubbisne, hoogganaan biirochaa Obbo kabbadee Deessisaa garuu hojiitti deebisuuf yoomuu callisnee hin beeknu jedhu. Daddaraaroo deebisuun filmaata otoo hin taane dirqama jedhu aartistoonni. Dandeettii aartii ol adeemtota ijoollee Oromoo gabbisuu kaayyeffatee hundaa'uusaa kan himan Obbo Diimaa Abarraa,''Kichuuwwan ijoollee keenyaa biqilanii bor dararaaranii firiin isaanii uummata Oromoo bakka bu'u. Isaan kunneen kutaalee Oromiyaa hundarraa daddaraaranii as ba'an. Kanaaf 'Daddaraaroo' jennee saganticha moggaasne'' jedhan. Daddaraaroon akkuma eegaleen qalbii uummataa keessa seene kan jedhan Obbo Diimaan dandeettii dilbiin saafiloota ijoollee Oromoo keessa jirus as babba'ee daddaraaruu eegale jedhan.
''Daddaraaroon ijoollee dandeettii qaban baasanii mul'isuuf rakkataniif daandii saaqeera. Ijoollee baadiyyaa Oromiyaa keessa dandeettii aartii baatanii taa'an bira deemee carraa ta'eeraaf. Kanaanis hedduun bidden argataniiru. Aartiin Oromoos carraa argateera.'' Daddaraaroon aartii hin keessummeessine hin qabu ture kan jedhan Obbo Diimaan,''Sagalee kiiloleessuu, akkeessuu, taatoo diraamaa, taphoota garaagaraa, shubbisaa fi dandeettiiwwan addaa kan irratti qaramaa tureedha'' jechuun ga'ee qophiin kun guddina aartii Oromoo keessatti ba'aa ture yaadatu. Sagantaa kanaan ogeeyyiin manneen barnootaa Muuziqaa bebbeekamoo biyyattii keessatti baratan ijoollee Oromoo qaraniiru jedhan Obbo Diimaa Abarraa. Kutaalee Oromiyaa garaagaraa irra deemanii hojjechuudhaan carraa aartistoota Oromoof banameenis kanneen sabab daddaraarootiin amma carraa argatan jiru jedhan. ''Daddaraaroon kumaatamaaf carraa hojii baneera. Hedduusaanii ogummaadhaan qareera. Galata guddaa saba Oromoo biraa qaba.'' Aartistoota Daddaraaroon daandii saaqeefii bidden baaseef keessaa tokko kan ta'e Weellisaa Andu'aalam Gosaa dhiyeenya kana muuziqaa eegalullee sirboonni isaa akkaan kan nama hawwataniidha. Otoo Daddaraaroon hin turre ta'ee hojiin muuziqaa akkasiin naaf hin qajeelu ture jedha weellisaa Andu'aalam. ''Daddaraaroon anaaf carraadha. Keessaahuu carraa ijoollee baadiyyaa, kanneen akka koo. Osoo daddaraaroon hin eegalamne ta'ee waan har'a irra jirru maaltu tilmaama. An har'a koo gaafan ilaalu kaleessa koo fi bu'uura koo daddaraaroo keessattin arga. Daddaraaroon bu'uura kooti.'' Aartii ijoollummaatti keessa koo ture naaf qajeelchee kan bu'aatti naaf jijjiire Daddaraaroodha kan jedhu Weellisaa Mahaandis Galatoo gamasaatiin ''Daddaraaroon mana barumsaa tolaan ijoollee hiyyeessaa qareedha'' jedha.
Jalqabuma wayita sirba eegalu akka daran jaal'atameef duub deebii argachaa turuu kan dubbatu Aartist Mahaandis ,''Dandeettii aartii uumamaan na keessa ture qabadheen gara daddaraaroo deemee achitti gabbifadhe. Namoonni yaada nuuf kennaa turan ogeeyyii ciccimoodha. Mana barumsaa muuziqaa bebbeekamoorraa warra eebbifamaniidha. Manneen barumsaa akkanaatti barachuun nuti ijoollee baadiyyaatti cimatullee carraa kanaan garuu baranneerra'' jedha. Sagantaan Daddaraaroo akkuma eegalteen fudhatama gudda argatee jaal'atamee ture kan jedhan Obbo Diimaa Abarraa, ''Namoonni kumaatamaan lakkaa'aman birkiiwwan aartii mara irraa galmaa'anii shaakalaa turanillee itti fufuu hin dandeenye. Daddaraaroon si'eessituu fi mi'eessituu aartii Oromoo turte kana qalbii Oromoo keessaa baasuun cimullee haalonni addaan kutuuf dirqamsiisan turaniiru'' jedhan. ''Addaan cituu sagantaa Daddaraaroof sababi inni ijoon rakkoo baajataa ta'ullee haalli uummanni keessa turellee dhiibbaa guddaa uumeera. Wayita qophiin kun adda cite ijoolleen Oromoo hedduun wareegamaa turan. Hiriira ba'anii mirga waan gaafataniif barattoonni hidhamaa turan. Rakkoon sunimmoo ittuma fufe. Daddaraaroon akkuma amalashee baacoo, geerarsa, shubbisaa fi kolfa of keessaa qabdi. Nuti eenyuun taanee dhiigaa fi lafee namaarratti sirbina, geerarra, baacna jenneetu saganticha dhaabuuf dirqamne.'' Jedhan. Kana cinaatti ammoo abbaa sagantichaa kan ta'e Biiroon Aadaa fi Tuurizimii Oromiyaa daddaraaroo bakkatti deebisuurratti akkaan rinciceera jedhu. Yeroo ammaa Hoogganaa Biirochaa ta'anii hojjechaa kan jiran Obbo Kabbadaa Deessisaa garuu sagantaa daddaraaroo irraa yoomuu garaa kutannee hin beeknu jedha.
Yeroo ammaa Hoogganaa Biirochaa ta'anii hojjechaa kan jiran Obbo Kabbadaa Deessisaa garuu sagantaa daddaraaroo irraa yoomuu garaa kutannee hin beeknu jedha. ''Sagantaa kana biiroo keenyatu eegale. Garuu hojiinsaa maallaqa miiliyoonotaan barbaada. Humna namaa fi beektota gaafata. Kutaa Oromiyaa mara waliin ga'anii hojjechuu gaafata. Hojiinsaa salphaa miti. Kana cinaan ammoo abbootiin qabeenyaa dhuunfaaarraa deggersa dhabne. Kanatu gufuu nutti ta'e'' jedhan. Aartistoota bebbeekamoo dandeettii ajaayibaatiin aartii Oromoo utubanii har'arraan ga'an bakka buusuun ni ulfaata kan jedhu Aartist Andu'aalam Gosaa,''kana milkeessuuf daddaraaroo itti fufsiisuun fedhii qofa osoo hin taane dirqama ta'uu qaba'' jedha. Weellisaa Mahaandis Galatoo ammoo sababa daddaraaroon addaan citeef dandeettiin ijoollee baadiyyaa ukkaamfamee hafe waan ta'eef har'a bor osoo hin jedhin jalqabamuu qaba jedha. Obbo Diimaa Abarraa gamasaaniitiin erga daddaraaroon adda citerraa eegalee deebisuuf ifaajaa jiraachuu dubbatu. Wiixinee sagantichi ittii qajeelfamu bifa haaraan qopheessanii Biiroo Aadaa fi Tuurizimii Oromiyaa fi Miidiyaa Mootummaa Naannochaa OBNf kennanii akka turanii fi ammallee qormaati isaan mudachaa jiraachuu dubbatu. Hoogganaan Biiroo Aada fi Tuurizimii Oromiyaammoo daddaraaroo deebisuuf hojii akka eegalanii fi garuummoo hojii salphaatti itti deebi'amu akka hin taane dubbatan. Qaamni aartii fi seenaan Oromoo na galcha jedhu hundi tumsuu akka qabus gaafatan.
Barreeffamoota keenyan (girgiddaa) gubbaa: sababoota namoonni keenyan irratti barreessaniif maal? Keenyan (girgiddaa) mana fincaanii hanga teessoowwan konkolaataa irratti illee otoo hin hafiin mallattoofi maqaa ofii dabalatee yaada dheeraa barressuun waan baramedha. Yunivarsiitii Finfinneetti barataa seeraa kan tahe Haayilee Baayyisaan barreeffamoonni kunneen yeroo baayyee waan sadii irratti xiyyeeffatu jedha. Keenyan mana fincaanii hanga teessoowwan taaksii, dhimmi amantii baay'inaan akka barreeffamuu hubadheeras jedha. ''Inni tokko achirratti amantiisaa yeroo lallabatuu, kaan immo deebii kennaaf,'' kunimmoo kan jechoota hin mallee fi kan safuu hin eeggatiini tahuu danda'a, akka feetee dha jedheera. ''Inni kaan immoo waa'ee wal quunnamtii saalaati, fakkii qaama saalaa dhalaa fi dhiiraa keenyan mana barumsaa, manneetii kitaabaafi manneetii amantii irrattillee otoo hin hafiin kaafamanii ni argita,'' jedha. Sadeessoon ammoo siyaasa. Namoonni yaada isaanii ibsachuun iddoo rakkoo isaan irratti hin fidne jedhanii amananitti ni katabus jedha. ''Keessumaa gara Oromoo yeroo dhufnu immoo siyaasatu barreeffama, barattoota sadarkaa lammataa taaneellee keenyan irratti 'ABO,' 'WBO' ...'' jedhaniitu barreessu ture. Haayileen mudannoo xiqqoo na kofalchiise jedhes nutti himeera. ''Tokko mana fincaanii keessattii maal jedhaa, fuuldura otoo ilaaltuu gara bitaatti naanna'i jedha. Gara bitaatti yoo naannoftu gara duubaatti naanna'i jedha, duubatti yoo naannoftu immoo, maaltu si wixxifachiisa sirnaan hin teessu?'' siin jedha akkuma kanaa baayyeen isaanii kan nama kofalchiisan jiru. Dabalataan immoo arrabsoon sabaa baay'inaan ni mul'ata. Barreefamoota kana ''yaadota garaa keenya keessatti cunqursinee qabanne, iddoowwan namni nun argu jennee yaadnutti bilisa waan taane yeroo nutti fakkaatu waan barreessinudhas,'' jedheera.
Kunimmoo sodaa mootummaafi dhiibbaa hawaasaa irraa dhufuu akka danda'us Haayileen ni dubbata. Yaadoti mirga dubartootaa dhiibaniifi qoccollaa saalaa ibsanis baay'inaan ni mula'atu jedha. Namoonni yaada isaanii ibsachuun mirga tahee otoo jiruu, hanga namummaa warra kaanii hin tuqnetti tahuu qabas jedheera. Hariiroo hawaasa keessa jiru eeguuf jecha namoonni waan itti dhagahame mara akka hin dubbannee safuudhaan daangeeffamanii jiru. Haa tahu malee namoonni iddoo garaagaraa irratti waan safuu cabsu yeroo barreessan eenyummaan isaanii akka hin beekamne gochuun isaaniyyuu akka safuu eeguuttin ilaalaa jedha. Yunivarsiitii Finfinneetti barsiisaa gaazexeessummaa fi sab-quunnamtii kan tahan Teshaager Shifarraaw (PhD) jechoota, gaaleewwan, fakkiiwwan, mallattoowwaniifi yaada dheeraallee otoo hin hafiin yeroo baayyee keenyan irratti barreessuun akkuma asoosamaafi walaloo karaa ittii yaada ibsataniidha jedhu. ''Eessayyuu yoo deemte barreefamoonni akkanaa kuni jiru. Baayyeen isaanii gama namusaan yoo ilaallee kan addabaabayiitti hin himamne tahuu danda'u. Gama biraan immoo, namoonni bilisummaa isaanii isa dhumaa iddootti fayyadamani ta'uu danda'aa. Waltajjii odeeffannoo ittiin dabarsaniifi waliin haasaa taasisani dha''. ''Amantiidhaa hanga jaalallee naa barbaadaa jedhanii barreessuudhaan ibsamuu danda'u, kanaaf barreeffamoonni kunneen hunda hammatoodha. Akka gosa g-barruu tokkoottis ilaaluun ni danda'ama. Tashaagar (PhD) qorannoo waggoota muraasa dura Yunivarsiitii isaaniitti dalagame eeruun, 'namoonni yeroo baayyee lafa ukkaamsaan yaada ofii bilisaan ibsachuun jirutti barreefamoota akkasii keenyan irratti barreessu haa jedhaniyyuu malee, qorannichi garuu namoonni waan guyyuu haasa'aniifi miidhaa isaan irratti fiduu hin dandeenyellee callisaniidhuma barreessu jedha.
Tashaagar (PhD) qorannoo waggoota muraasa dura Yunivarsiitii isaaniitti dalagame eeruun, 'namoonni yeroo baayyee lafa ukkaamsaan yaada ofii bilisaan ibsachuun jirutti barreefamoota akkasii keenyan irratti barreessu haa jedhaniyyuu malee, qorannichi garuu namoonni waan guyyuu haasa'aniifi miidhaa isaan irratti fiduu hin dandeenyellee callisaniidhuma barreessu jedha. ''Fakkeenyaaf deeggaraan kilaba kubbaa miilaa Cheelsii taaksii keessa taa'ee otoo deemuu teessoo fuuladura isaa jiru irratti 'Cheelsii' ' jedhee barreessuu ni danda'a. Kanaaf namoonni otuma hin qalbeeffatiin waan barreessuu danda'a tahuu mala. Haa tahu malee yeroo haalli siyaasaa akka malee ta'u ifatti mul'achuu ni danda'u. Barreeffamoonni sanyii kanaa barreeffamoota kanneen akka oduu, walaloo, hololoo fi kkf irraa kan adda isa taasisu ogummaa fi barreeffama ala idilee tahuu isaati jedhu barsiisaan kun. ''Otuma yaada keenya ibsachuuf carraa fi waltajjii argannellee iddoowwan akkasii waan barreessinu natti fakkaata,'' jedhu. Gama biraan immoo qabeenya dhuunfaa fi uummataa gubbaatti barreessuun 'akka balleessuuti' jedhu kanaaf gama naamusaan kan ilaalamuu danda'u dha jedhaniiru. Bilisummaan yaada ofii bilisaan ibsachuun itti gaafatamummaa mataa isaa danda'e waliin kan dhufu yoo tahu, 'namoonni kana otoo hin hubatiin carraa argataniifi iddoo kobbee fudhachuu danda'u hundatti ni barreesu, 'quncee mukaa irrattillee otoo hin hafiin maqaa isaaniifaa ni barreesu. Kuni garuu fudhatama waan qabu mitii jedhu. Biyyoota hambaatti barreeffamoota akkasii iddoo fe'etti hin argitu, iddoon waan kanaaf qofaatti kenname gatii jiruuf namoonni achi dhaqaniis yaada isaanii ni ibsatu.
Weellisaa Jastiin Biiber waa'ee qoricha sammuu namaa hadoochu irratti yaada kenne Weellisaa beekamaan lammii Kanaadaa Jastiin Biiber akkamitti nama adunyaa irratti jibbamu akka tahee fi murtoo gadhee umurii isaa 20 keessaan fudhate ilaalchisee barreeffamaan ibse. Dargaggoon yeroo umuriin isaa waggaa 13 ogeessa muuziqaa Iskooter Birawon nama jedhamuun dandeettii addaa qabaachuun isaa argamee hanga adunyaa irratti miliyoonotaan jaallatamummaa horatutti dhaqqabe kun araada hamaa keessa galeera jedhamuun irratti barreeffamaa ture. Jastiin Biiber qoricha sammuu namaa hadoochu akka malee akka fayyadamuu fi jireenya dhuunfaa isaa irrattis dhiibaa guddaa akka fide hime. '' Ani dubartootaaf kabaja hin qabu, nan aara, haloon qabadha'' jedhee barreesse. ''Namoota na jaalatan hunda irraa fagaadheera, akka waan amala kana fooyyessuu hin dandeenyettan of ilaalaa jira,'' jedhe. Weellisaa jaalatamaan Kanaadaa kun bara ijoollummaa isaa dinqisiifannaan walitti fufinsaan argataa ture haala akkamiin jireenya isaa akka miidhe ibse. Umurii waggaa 13 irraa yeroon magaalaa xiqqoo tokko keessa jiraadhu irraa eegalee adunyaa kana irratti namoota miliyoonotaan dinqisiifatamaan ture. Hammam akka na jaallatanii fi hammam cimaa akkan tahe natti himaa turan. Namni hundinuu waan hundaa anaaf godhaniiru. Waa'ee itti gaafatamummaa illee tasumaa osoo hin baratiinan hafe jechuun Inistaagiraamii isaa irratti barreefama miira namaa tuqu barreesse. Umurii waggaa 18'n baankiidhaa maallaqa miliyoonotaan qaba ture. Waan barbaade itti godhachuu danda'a. Garuu adunyaa dhugaa kana keessatti dandeettii jireenyaa biraa gahaa tahe hin qabu. Umurii waggaa 19'n Baayiber qoricha sammuu hadoochu akka malee baay'isee akka fayyadamuu fi hariiroo jaalalaa qabus akka diige barreesse.
Umurii waggaa 19'n Baayiber qoricha sammuu hadoochu akka malee baay'isee akka fayyadamuu fi hariiroo jaalalaa qabus akka diige barreesse. ''Murtoo gadhee fudhachuu koo irraa kan ka'e nama adunyaa irratti baay'ee jaallatamuu fi kabajamu keessaa gara nama hadheeffatamu, qeeqamuu fi jibbamuutti jijjirameera'' jedhe. Jastin Biiber bara 2014 yeroo hedduu yakkaan himatamee ture. Dhiibbaa fayyaa keessa tahee konkolaachisuus dabalata ture. Ganama rakkoo hamaa akkasii keessa taatee siree keessaa ka'uun ulfaataadha jedhe. Yeroo tokko tokko ammoo hamma lafa irra jiraachuun nama jibbisiisutti iyyuu yeroon gahu jira. Garuu amantaan inni qabuu fi deeggarsi maatii fi haadha warraa isaa Haalii Baaldiwiin akka haalota kana jijjiraa dhufe hime. Amma haala kana keessaa bahee murtoo gaarii fudhachuun gaa'ila isaa diigamee tures deebisee ijaaruuf waggaa tokko akka itti fudhate himeera. Waaqayyo namoota jaalala guddaa naaf qabaniin na eebbiseera. Amma bara jireenya koo baay'ee gaarii tahe keessan jira jedhe.
Awwaalli Eliyaas Malkaa Wiixata dhufu raawwatama Awwaalli oggeessa muziqaa Eliyaas Malkaa Wiixata dhufaa kan raawwatamu ta'u oggeessi muziiqaa Daawiit Yifruu BBC'tti himaniiru. Sirna awwaalchaa raawwachisuufis koreen hundaa'uun hojjatamaa jiraachu barameera. Obbo Daawitti akka dubbataniitti, sirni awwaala oggeessa muziqaa beekamaa kanaas sa'aatii sagal irratti batasikaana Phexiroos Waphaawolositti raawwatama. Isa dura garuu sirrin gaggeessaa mana barnootaa bakka Eliyaas muziqaa itti barate Mana Barnoota Muziiqaa Yaareditti taasifamaafis jedhaniiru. Eliyaas Malkaa gabaabumatti Oggeessi muziiqaa, walalleessaa, barreessaa yedaloofi taphataan gitaaraa Eliyaa Malkaa addunyaa kanarraa du'aan boqateera. Aartist Eliyaas rakkina kalleefi dhukuba sukaaraa isa mudate tureef wal'aanamaa turuusaa hiriyoonni isaa BBC'n dubbise himaniiru. Aartist Eliyaas magaalaa Finfinnee bakka Abinat jedhamuun beekamuutti kan dhalatee guddate yoo ta'u, ijoollummaasaatti taphataa kubbaa miilaa gaarii akka ture namoonni dhiyeenyatti isa beekan ni dubbatu. Barnoota sadarkaa tokkoffaa mana barnootaa Haayilu Tasfaayee jedhamuutti, kutaa saddeetti kaasee ammoo mana barnootaa 'Kafitanya 7' jedhamutti barate. Aartisti Eliyaa ALI bara 1987tti mana barnootaa muziiqaa galuun kan barate yoo ta'u, gitaara 'liid fi Cheelo' jedhaman Taphata ture. Oggeessi muziqaa kun muuziiqaa qindeessuu kan eegale 'istudiyoo baganaa' jedhamee beekamu hundeessuun yoo ta'u, oggummaasaatiin cimaafi tattaafataa akka ture oggeessoonni damee kanaa isa waliin hojjatan dhugaa bahuuf. Eliyaa gitaara Taphachusaatiin alattis jadaloo muziiqaa barressuufi muziqaa qindeessa ture. Baandiiwwan Madiinaa, Zeenaa Laastaas fi Afro Saawund waliin Taphateera.
Baandiiwwan Madiinaa, Zeenaa Laastaas fi Afro Saawund waliin Taphateera. Eliyaas wayita mana barnootaa Muziiqaa Yaareeditti barataa tureetti haala tartiiba sagalee muziqaawwan Afaan Oromoo adda addaarratti qorannoo muraasa hojjachuun maqaansaa ni ka'a. Dhiheenyattis waahiloota isaa waliin ta'uun appii 'Awutaar' jedhamuufi kan muziiqaan ittiin gurguramu hojjatanii beeksiisuun ni yaadatama. Eliyaas oggeessoota damee kanaa muziqaa Itoophiyaa ammayyaa keessatti gumaata taasisan keessaa tokko ta'usaa namoonni muziiqaadhaan waliitti dhufeenya qaban hedduun dhugaa bahuuf. ''Muziiqaan kabaja ishee guutuu waliin karaa Eliyaasiin dabarti,'' jechuun kanneen dhugaa bahaniifis, sirboota aartistoota akka Miikaa'eel Balaayinaa (Baanta Godaanaa), Teedii Afroo (Abogidaa) fi Zariitu Kabbadaa (Saanduqoochu), dhiyeenyattis Galaanaa Gaaromsaa fa'iif kan qindeessee Eliyaas ture. Kana malees aartistoota bebbekamoo akka Miikiiyaa Bahaayilu, Iyyoob Makoonniin, Gosaaye Tasfaayee, Aragaahinyi Warashi, Kuukkuu Sabisibee, Tigist Baqalaa fi kkf kanneen oggummaan Eliyaas dhadhamatan keessaa muraasa. Kanaan alattis Eliyaas faaruuwwan dhimmota hawaasummaa addaa addaarratti xiyyeefatan hedduus kan qindeesse yoo ta'u, isaan keessayis faaruwwan 'Malaa Malaa, Maalabaabas Yiqir, jedhaniin alattis kanneen balaa tiraafikaarratti xiyyeeffataniif Gamtaa Afriikaatiif faaruun qindeesse kanneen eeraman keessaayi. Eliyaa Malkaa hojjii isaa kanaanis qaamoolee adda addaarraa badhaasawwan garaagaraa argateera. Oggeessi muziqaa kunis hanga Sambata darbeetti dorgommii kennaa walliftoota Faanaa irratti abbaa seeraa ta'uun tajaajilaa kan ture ta'u barameera.
Komii Aartistoota Oromoo miseensota Baandii Biiftuu Oromiyaa Baandiin Biiftuu Oromiyaa ALI jalqaba bara 1984 irratti aadaa eenyummaa fi aartii Oromoo mul'isuuf miseensota 28 tin hundaa'e. Yeroon baandichi hundaa'e yeroo cehumsaa waan tureef biyya waraanan goolamaa turte nagaatti akka ceetu, aartii Oromoo baduutti dhihaate akka baastee mul'istuuf hundaa'e jedhan manajarri Baandii Biiftuu Oromiyaa obbo Wandosen Boggaalaa. Moggaasa baandii Biiftuu Oromiyaa jedhu kan argatemmoo ALI bara 1986tti. Baandin kuni umrii wagga 27 ol kan lakKoofsise ta'us, artistoonni achi keessa hojjetan garuu baandichi rakkoo cimaa keessa jiraachuu himu. Bara 1998 irraa eegaluun shubbisummaadhaan hojjechaa kan jiru Birhaanuu Mul'ataa, Baandii Biiftuu Oromiyaa uummanni Oromoo baandii kiyya jedhee ilaalus baandicha keessa garuu dhiibbaa sabummaatu jira jedha. " Baandii kana keessa harki 95 ol saba biraati. Baandii kana keessatti Oromoon kan qubaan lakkaahamudha. Isaanuu warra Oromoodhaaf ilaalacha gaarii hin qabneedha" jedha. Gita inni hojjetu hojii shubbisaa irrattis namuma aadaa fi afaan uummata Oromoo hin beeknetu qacaramee hojjechaa jira jedha. "Yeroo nama qacaran akka ulaagaatti nibaha. Garuu kan isaan qacaran kan afaan Oromoo hin dandeenye, kan sabummaan isaan fakkaatu qacaru. Oromoonni baandii kana keessa jiran garaa dhukkubsachaa jiraanna mataa gadi qabannee" jedha Birhaanuun. Weellisaa Dajanee Jaalataa gamasaatiin, baandiin Biiftuu Oromiyaa walgeettii sabaaf sablammootaati jedha. "Baandichi maatiidhaan walitti qabame. Obbolaa sadii fa'aatu asitti wajjin qacaramee hojjeta. Abbaa, haadha fi ilma tahaniifaa asitti qacaramu. Kanaafuu ijaarasa maatiiti malee ijaarasa baandii wanti fakkaatu as keessa hin jiru" jedha. Yeroo biyyattii keessatti jijjiiramni siyaasaa dhufe kanattis baandicha keessatti garuu ammayyuu ilaalchaan qoodanii Oromoo achi keessatti hafe dhuunfachuutu hojjetamaa jira jedhe.
"Kaayyoon baandii kana keessatti ta'aa jiru ijoolleen Oromoo aaranii of ifatanii akka askeessaa badan gochuudha. Mootummaani fi uummanni Oromoo baandii tana quba qabaatee, Oromummaashiitti deebisuu qabas" jedha wellisaa Dajaneen. Miseensonni baandii Biiftuu Oromiyaa ittigaafatamtoonni baandichaa dirqamaan dhimma Ashandaa fi Shaadeyi akka sirbinu nu dirqisiisaa jirus jedhu. Weellistuu Harkoo Qasaroo," jala bultii bara haaraa Aadaamaatti kabajamuuf dhimma Ashandiyee fi Shaadeyi dirqamaan nihojjettu nuun jedhanii turan. Nuti waan kana fudhachuuf hin dandeenye. Fakkeenyaaf ani afaan amaaraatiin sirbuu dhiisii dubbadhee waligaluufuu narakkisa kanaaf dirqamaan wanti ta'u hin jiru" jetti. "Kan barbaaddan hojjedhaa kan hin barbaanne dhiisaa deemaa" nuun jedhanis jedhu artistoonni kunneen. Waggoota 17 darban baandicha keessatti tajaajiluu kan himu wellisaa Birhaanuu Abbabaa gamasaatiin, rakkoon baandii Biiftuu Oromiyaa hundeeffamarraa eegala jedha. "jalqaba yeruma hundaa'u nama oogummaa qabu barbaachaaf jecha warruma afaan hin beekne itti galchaa tura. Amma warra sanatu hidda gadi fageefate. Amma baandii kana keessa dhuftee osoo gaafattee garri caalu warra biraati" jedhu. Baandiin biiftuu Oromiyaa kuni calaqqee Oromummaa ta'uu hin dandeenyes jedha artist Birhaanuun. "Yeroo hojiif gara baadiyyaa Oromiyaa deemnullee kan Afaan Oromoo haasa'u hin jiru jechuu dandeessa. Uummanni baandiin kuni kan eenyuti? Jedhee hamma gaafachuutti gahameera" jedhan. Manaajarri baandii Biiftuu Oromiyaa Obbo Wandosen Boggaalaa, Baandichi namoota Afaan Oromoo, duudhaa fi eenyummahin beeknen dhuunfatamaa jira komii jedhuuf: "Hundeefamarraa ilaaluu barbaachisa. Yeroo sana ulaagaa amma barbaadamu Kanaan waan namni hin argamneef kanuma jiruun hundeefame. Namootni Afaan kana hin beekne jiraachuun dhugaadha garuu hamma jedhamu kana sadarkaa yaaddessaa irra hin jiru" jedhan.
Namootni Afaan kana hin beekne jiraachuun dhugaadha garuu hamma jedhamu kana sadarkaa yaaddessaa irra hin jiru" jedhan. Irra caalaan namoota Afaan Oromoo hin beeknee ammoo warra meeshaa muuziqaa taphatan waan ta'eefis dhiibbaa guddaa qaba jedhees hin yaadu jedhu obbo wandosen. Sirba Ashandiyee fi shaadeeyi dirqamaan akka sirbinu gaafatamaa jirra jedhanii komii artistoonni kaasaniifis" dirqamni addaa kennine hin jiru. Biyya kana kan gaggeessu Oromoodha. Nutimmoo waan tokkummaa biyya kanaa cimsu yoo hojjenne dhiibbaa hin qabu jennee yaanneeti " jedhan. Ta'us ayyaana bara haaraa kana irratti miseensonni baandichaa aadaa kana yoo beeksisan gaarummaa qaba, yoo fedhii dhaban garuu dirqamni hin jiru jedhan. "Baandii kana keessa kan dhiibus kan dhiibbamus hin jiru" jedhu Obbo wandosen.
Galaanaa Gaaromsaa: Gammachuu eebba Aalbama koo jechan itti ibsu hin qabu Weellisaa Galaanaa Gaaromsaa Aalbama isaa haaraa 'Baallii' jedhu hoteela Iskaay laayititti sirna miidhagaan eebbisiise. Eebba Aalbama isaa haaraa kana irratti Pireezidantii itti aanaan Naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaa fi Kantibaa Itti aanaan Bulchiinsa Magaala Finfinne Injinar Taakkalaa Uumaan argamuun waan addaa ta'eera. Sirna kanarratti aangawoota mootummaan dabalataan, abbootiin qabsoo kanneen akka Prof. Mararaa Guddinaa, Aartiistotni Oomoo maqaa guddaa qabanii fi abbootiin qabeenyaa hedduun argamuu Weellisaa Galaanaa BBC'tti himeera. Waltajjii kanarratti obbo Shimallis Abdiisaa ergaa aartii Oromoo fi Aartiistota jajjabeessu dhaamaniiru. ''Qabsoon Oromoo dhaabbateera jettanii yoo raftan dogongortaniittu, qabsoon dhaag darbachuufi dhukaasn qofa miti diinagdeeniis qabsoodha barnootnis qabsoodha'' ergaa jedhu dabrsuus nutti hime Weellisaa Galaana. Angawootni mootummaa sadarkaa kanaarra jiran eebba aalbama sirbaarratti yoo argaman kun isa jalqabaa ta'uu akka hin oolle dubbatama. Galaanaan ''obbo Shimallis waayee sagantaa koo beekanis ni dhufu jedhee dhibbaan dhibbati hin yaadne, 'surprised' ta'eera'' jedha. ''Kana dura sirbootni gulaalamanii jechuutni keessa muramaa, kaanis raadiyoo fi televizhiiniin akka hin dabarre dhorkamaa ture'' jechuun dhiibbaa ture kan yaadatu Weellisaa Galaanaa, ''gammachuu eebba kaleessa miiran ittin ibsu hin qabu jedhe. ''Miseensaaf Bineensaan dur weellisaan adda bahaa ture.'' ''Jijjiirama kanatu kana qaba malee, fi jabaatanii hojjechuutu kana qaba malee dur dubbin akkas hin turres'' jedha. ''Oromoon kabajaa fi jaalal nuuf qabu kaleessan sirritti arge, ...humna kootiin ol gammadeen hamman yaadeen ol argadhe.''
Obbo shimallis maqaa mootummaa naannichaatin Kaasetta haara sirboota 14 of keessaa qabu kana qarshii 200,000 bitaniiru. ''Kun weellistoota Oromoof jajjabina guddaa ta'as'' jedha weellisaa Galaanaan. Bulchiinsi magaalaa Finfinees sagantaan kun sadarkaa kanatti akka milkaahu gumaacha hedduu gochuu Galaanaan nutti himeera. Aalbama isaa haraa kanaaf beeksisaa dabalatee qarshii miiliyoona 2.5 tilmaamamu baasii godheera jedha. Walleewwan isaa kana qindeessaa beekamaa walleewwan afaanota biroo hedduu dhiibba uuman qindeessun beekamu Abagaaz Kibrawarqiin hojjechiise. Keessummootni eebba kanarratti argaman ''gariin kan ani waame gariin ammoo kan Oromummaan waame dha''s nuun jedhe. Weellisaa Galaanaa Gaaromsaa Aalbama isaa haaraa kana magaala Finfinnee keessatti haalli itti beeksise sadarkaa kana dura baratamerra kan darbu ture. Magaala Finfinnee keessatti biilboordiiwwan gurguddaa shan tokkon tokkoon isaanii qarshii 68,000 baasan hojjechiise iddoo ijoo ijootti dhaabeera. ''Magaala kana keessatti Oromoon olaantummaan isaa jalaa fudhatamuun xiiqii nakeessatti uumee ture'' jechuun miira itti hojii isaa sadarkaa olaanaan magaalitti keessatti beeksisuuf sababa ta'eef hima. ''Qe'ee abbootii keenyaarratti Oromoon akka hin jirre ta'uu kana maaliinin cabsuu qaba, maaltu barbaachisa kan jedhu yeroodhuman hojii aalbamaa kana hojjechuu eegalen yaadaa ture.'' '' Aartiin keenya Finfinnee waan lagatuuf hin qabaatu'' kan jedhu Galaanaan, Oromoon akka waan hin jirreetti warra yaadan saalfachiisuufin hojjedhe jedha. Sirna eebbaa Hoteela gatii qaalii Iskaay Laayititti qophaaye kanarratti CD'n Aalbama kanaa qarshii miiliyoona 3'tti gurgurameera. Kuniis seenaa wallee Oromoo keessatti gatii isa guddaa, afaanota kaan biras gaafa wal bira qabamu kan caalu akka ta'e tilmaamama.
Kuniis seenaa wallee Oromoo keessatti gatii isa guddaa, afaanota kaan biras gaafa wal bira qabamu kan caalu akka ta'e tilmaamama. ''Abbootiin qabeenya kana dura harka lafa jalaanis ta'u aartii Oromoo utubaa waan turaniif galata isaanii hin balleessu'' kan jedhe Galaanaan, amma abbootiin qabeenya aartii Oromoo tumsuurratti akkaan jabaachaa jiraachuuf gurgaartaan CD isaa fi eebba kaleessa fakkeenya ta'uu nutti hime. Sirna eebba kaaleesa qopheessuf Dhaabbilee daldalaa 6 ispoonsara ta'aniifi jiru., CD miiliyoona sadiitti gurgurame ammoo abbootii qabeenyaa 8 ta'untu gumaacha taasise. Guddina aartii Oromoo keesatti wantoota akka danqaatti himaman keessaa Ispoonsara dhabuun isa ijoo akka ta'e irra deddeebiin himamaa bahe. Amma kuniis jijiiramaa jiraachuuf qophiin eebba aalbama Galaanaa Gaaromsaa agarsiiftuu ta'eera. ''Ammaa booda abdiin jira, karaa dhiphaa baldhifachuu dandeenyu bannee jirra.'' ''Wallee bareedaa hojjedheen jira naa caqasaa'' kan jedhu Galaanaan, CD dhaan raabsuu, Itune, Amazon fi youtube irra kaahuus himeera.
Afaan Oromoo: Magaalaa Naqamtee fi dadammaqiinsa hogbarruu Oromoo Hojii kana yoon hojjedhe tarii cee'umsa aartii Oromoof gumaachuu danda'a jedheen daldala kitaabaa eegale jedha dargaggoo Gamtaa Billi. Dargaggoo Gamtaa Billi magaala Naqamtee keessatti waggoota afur darbanif kitaaba daldalaa tureera. Yeroo ammaas marfatawwan magaalaa Naqamtee keessaa isa tokko cinatti kitaabilee mata duree garaagaraa irratti xiyyeeffachuun barreeffaman dubbistootaaf dhiyeessa. Sosochiin hog-barruu fi barmaatii kitaabilee dubbisuu jiraattota magaalaa Naqamtee yeroo gara yerootti fooyy'aa akka jiru kan himu dargaggoo Gamtaan, magaalattii keessatti dhalootni faayidaa kitaaba dubbisuu hubate baay'achaa jiraachuu dubbata. "Maallaqni kitaaba irraa argamu nama hin jijjiiru. Bu'aansaa guddaan hawaasa kana ceesisuu fi akka inni dubbisee of jijjiiru gochuudha," jedha daldalaan kitaabaa kun. Kitaabilee 'Loojikii' fi 'Aramaa' jedhaman maxxansiisun kan beekkamu barsiisaan yunivarsiitii Wallaggaa Dastaa Alamaayyoo magaalota Oromiyaa garaagaraa keessa deemen jira. Sochiin aartii magaala Naqamtee garuu addadha," jechuun hima. Barreessaan kun magaalattii keessatti lakkoofsi barreessitootaa, sochiin gurgurtaa fi raabsa kitaabilee akkasumas sagantaaleen aarti godinaalee biroorraa sadarkaa fooyyee jedhamurra akka jiranis dubbata. Kana malees kutannoon daldaltoota kitaabaa kitaabilee Afaan Oromoo dur barreeffaman dabalatee isaan haaraa barbaadanii fiduun gabaaf dhiyeessuu irratti qabanis olaanaa ta'uu barsiisaa Dastaan hima. Kitaabilee Afaan Oromoo adamsanii dubbisuu irratti daddamaqiinsa guddaatu uumame-dargaggoo Abdii Ittafaa Dargaggoo Abdii Ittafaa namoota sagantaalee hogbarruu magaala Naqamtee qindeessan keessaa tokko.
Waarin aartii magaala Naqamtee bara 2009 irraa eegalee eebba kitaabilee fi fiilmii itti fufiinsaan qopheessaa jiraachuu hima. Sagantaa waarii aartii magaalattii kanarattis odeessaalen, baacon, walaloon, diraamaawwan, shubbisawwan aadaaf ammayyaa, agarsiisni uffataalee aadaa akkasumas qeeqni kitaabilee yeroo yeroon akka dhiyaatan dubbata. Barattootni yunivarsiitii Wallaggaa, miseensootni gumii Afaan Oromoo manneen barnoota garaagaraa, keessummootni magaala Finfinnee dabalatee iddoowwan garaagaraatii affeeraman immoo hirmaattota sagantaa kanaati. Sagantaan waarii aartii kun dagaagina barmaatii dubbisa kitaabilee dargaggoota fi namoota buleeyyii magaala Naqamteef bu'uura ta'uusaa kan himu dargaggoo Abdi Ittafaa, lakkoofsi kitaabilee magaalattii keessatti barreeffamanii gabaaf dhiyaatan yeroodhaa gara yerootti dabalaa jiraachuu hima. "Kitaabilee Afaan Oromoo adamsanii dubbisuu irratti daddamaqiinsa guddaatu uumame" jedha. Kitaabileen magaala Naqamtee keessatti barreeffaman baay'een isaanii siyaasa Oromoo irratti kan xiyyeefatan ta'uu fi yeroo keessa garuu namootni ogummaa isaanii bu'ureeffachuun kitaabilee falaasamaa, tekinoloojii fi diinagdee barreessaa akka jiranis dargaggoo Abdi hima. Gama biraatin "Namni seenaa beekuu barbaada" kan jedhu daragaggoo Gamtaa, magaala Naqamtee keessatti kitaabileen asoosamaa baay'inaan akka maxxanfaman fi dubbistoota heddu kan qaban immo kitaabilee seenaa, xin-sammuu fi hafuuraa akka ta'an dubbata. Barreessitootni fi dubbistootni hojiilee hog-barruu magaala Naqamtee dameen aartii magaalatii akka dagaagu gumaachaa jiraatanis dhimmootni imala kana duubatti harkisan akka jiranis namootni BBCn haasofsiise himu. Rakkoolee kunneen keessaa tokko immoo qaamoleen mootummaa sochii aartii gara dhimma siyaasaatti jijjiirun hooggantoota gumii aartii dabalatee namoota biroo yeroo adda addaatti hidhuu isaanii akka ta'e dubbatu.
Rakkoolee kunneen keessaa tokko immoo qaamoleen mootummaa sochii aartii gara dhimma siyaasaatti jijjiirun hooggantoota gumii aartii dabalatee namoota biroo yeroo adda addaatti hidhuu isaanii akka ta'e dubbatu. Kana malees gurgurtaan kitaabilee bifa qindaa'aa ta'en adeemsifamuu dhabuu fi iddoowwan gurgurtaa fi dubbisa kitaabilee kan akka oolmaa dargaggootaa bulchiinsa magaalichaan mijaa'uu dhabuun rakkoolee isaan biroo ta'uu jiraattotni magaalichaa himu. Gama biraatin hirmaannaan dubartootaa fooyya'aa jiraatus hanga barbaadamu akka hin taane kan himtu barreessituun kitaaba 'Duguuggaa' Gaaddisee Alamaayyoo, barreessitootni dubartootni kitaaba gulaalchisuufillee barreesitoota dhiirolif dursa kennuu dabalatee rakkooleen isaan mudatan kan biroon akka jiranis dubbatti.
Balaa lolaa KuwaaZuuluu-Naataal: Maatii balaa lolaan ijoollee sagal dhaban Lammiileen Afrikaa Kibbaa bulchiinsa Kuwaa Zuuluu- Naataal ammallee balaa lolaa hamaa isaan mudateen laalatanii jiru. Balaan lolaa waggaa 60 keessatti mudatee hin beekne kun ji'a darbe keessa lammiilee 435 galaafate. Akka gaazexeessaan BBC Pumza Fihlani gabaastetti namoota reenfi isaanii argameef sirni awwaalcha waloo gaggeeffamaa jira, reenfi namoota hedduu garuu bubbee hamaa rooba waliin tureen fudhatamee waan badeef argamuu hin dandeenye. Balaan lolaa hamaan akkasii biyyattii keessatti kanaan dura mudatee kan hin beekne yoo ta'u, bulchiinsa Kuwaa Zuuluu- Naataal keessatti maatiin guddoo dararaman. Balaan kun godaannisa cimaa maati Midaalosee keessa kaa'ee darbe. Namni umrii waggaa 43 Silindilee Midaaloseefi ijoolleen sagal kan umriin isaanii waggaa lamaa hanga 10 gidduu jiru balaa kanaan dhumaniiru. Osoo isaan rafanii lolaan qe'eesaanii haxaawee fuudhee bade, maatiin kan hanga yoonaa reenfi isaaniiyyuu hin argamne. Eessumni daa'imman dhumanii Tokozaanii Midaalosee ,"dhugaa dubbachuuf ni maraanne. Qalbii dhabne. Sammuu keenya fayyadamuu dadhabne. Kun dubbachuufillee namatti ulfaata,'' jechuun BBCtti himan. Sirni awwaalchaa Silindilee Midaalosee fi daa'immanshee shanii- Uyanda, Lubanzi, Ziyanda, Asanele, Lulama - ganamaan raawwate, haati kun ijoollee reenfi isaanii hanga yoonaa hin argamin jiru afuriifis adaadaadha. Aab Tokozaani Midaalosee daa'imman dhuman kunneen madda gammachuu fi waan hundaa qe'eesaanii akka turan himan. Obboleettiinsaanii Nonkululekoo Midaalosee, ammoo balaan kun osoo hin mudatiin sa'aatiiwwan muraasa dura wayita obboleettiisheef bilbiltetti miira sodaa keessa akka turte himte.
Rooba kanaan dura arganii hin beeknetu roobaa ture, garuu balaa haga kanaaf saaxila jedhanii hin yaadne jette Nonkululekoon. Balaa lolaa kanaan namoota du'an 435 keessaa hanga yoonaa namoota 200 gadi qofatu reenfisaanii argamee awwaalame. Reenfi namoota 59 abbaan wal'aalamee jira. Bulchiinsa Kuwaa Zuuluu- Naataal keessatti Waldaalee tajaajila awwaalcha reenfaa kennan keessaa tokko kan ta'e, Icebolethu , hanga ammaatti reenfa namoota 70 caalanii awwaaleera. Dursitoota waldichaa keessaa tokko kan ta'e Mthokozisi Bhengu, reenfi namootaa bishaan keessa turuurraa kan ka'e akkaan babbadeera, kanaafuu hatattamaan awwaalamu malee gara hin taanetti deema jedhe. Uumanni kun karaa aadaa fi duudhaan ganamaan namasaa awwaallachuuf eega, garuu hanga reenfi namoota kaanii argamutti kanneen walitti qabaman akka awwaalaman dhiibbaa uumaa jiraachuus hima namni kun. Kanneen eenyummaansaanii hin beekamin jiruuf ammoo furmaanni tokko qacceen sanyii, DNA, isaanii erga qoratamee booda maatiin akka gadda taa'ee awwaallatu gochuudha jedhan. Mootummaa fi dhaabbileen tola-ooltotaa maallaqa sirni awwaalchaa waloo ittiin raawwatamu ramadaniiru. Garuu haalli hojimaata maallaqi ittiin kaffalamuu sirna awwaalchaa irratti harkifannaa uumeera jedhamaa jira. Hooggantuun Waldaa Kennitoota Tajaajila Awwaalchaa Afrikaa Kibbaa Nomfudoo Mikoyii, barfannaa kana dursanii hambisuun ni danda'ama ture jedhan. "Fuulduraaf mootummaan rakkoo mudateef dafee ogeessa ramadee hojjechuu qaba. Akkamiin akka hojjechuu qabdan isinitti himan,'' jechuun mootummaa qeeqan. Mootummaan biyyattii gamasaan balaa kanaan kanneen miidhaman gargaaruutti jiraachuu hima, maatii namoonni sagal jalaa dhuman kunneen dabalatee hedduudhaaf manneen isaanii jalaa barbadaa'e deebisee ijaaruufiitti akka jiru ibseera. Pirezidanti Siiriil Raamaafoosaan maallaqi duraan ramadame doolaarri miiliyoona 68 bulchiinsa Kuwaa Zuuluu- Naataal deebisanii ijaaruun hafee, sirna awwaalcha waloo kanaafiyyuu akkaan xiqqaa ta'uu amananiiru.
Pirezidanti Siiriil Raamaafoosaan maallaqi duraan ramadame doolaarri miiliyoona 68 bulchiinsa Kuwaa Zuuluu- Naataal deebisanii ijaaruun hafee, sirna awwaalcha waloo kanaafiyyuu akkaan xiqqaa ta'uu amananiiru.
Balaa lolaa Itoophiyaa: Walakkaan Matahaaraa lolaan yoo uwwifamu, Affaaritti namoota 72,000 qe’eerraa buqqise Naannoo Affaar keessatti balaa lolaa mudateen namoonni 72,000 caalan qe’eesaaniirraa yoo buqqa’an, Oromiyaatti walakkaan Magaalaa Matahaaraa ammoo lolaa laga Awaashin uwwifameera. Waqtii gannaa baranaa keessa Itoophiyaa iddoowwan garagaraatti, keessattuu hawaasa yaa'a laga Awaash hordofee qubateerratti balaan lolaa lubbuu galaafachuun, miidhaa hedduu geessisaa jira. Ejeree haga Matahaaraa - Omoo haga Afaaritti roobni gannaa hawaasa goolaa jira. Lagni Awaash guutuun bo'oo qotameef irra cabsuun jiraattota Godina Shawaa Bahaa Magaalota akka Wanjii fi Matahaaraa irraan miidhaa geessiseera. Magaala Matahaaraatti kaleessa Galgala irraa eegaluun lolaan gara magaalaatti seenuu jalqabe ganda magaalattiin qabdu lama keessaa gandi tokko lolaadhaan uwwifameera. Kantiibaan magaalichaa obbo Taaddalaa Diriirsaa BBC'tti akka himanitti lolaan magaala Matahaaraatti gahe seenaa magaalattii keessatti kan mul'atee hin beeknedha jedhan. "Lagni Awaash guutee gara magaala keenyaatti dhangala'eera. Kuni seenaa magaala kanas ta'e lagichaa keessatti balaa isa guddaadha jechuun ni dandahama.bo'oo guddaatu hojjetamee ittifamaa ture. Ta'us lagichi cabsee dhufuun ganda Haroo Adii jedhamu guutumaan guututti uwwiseera" jedhan. Lolaa galgala sa'aatii 3tti jalqabe kana namoota keessaa baasuun hanga Roobii waaree booda kanaattuu hin raawwanne jedhan. Lolaan gahe kuni olaanaa ta'uu isaatiin uummanni lubbuma isaatiin bahuun alatti qabeenyi mana keessaa qaban guutumatti akka jalaa manca'es himaniiru. "Magaalli keenya gandoota lama qabdi gandi tokko guutumatti fudhatameera. Ganda kana tilmaaman nama kuma 20 caalutu keessa jiraata. Lubbuu namaarra miidhaan gahe hin jiru.
Miidhamtoota Ganda dirree gobbuu jedhamu qubsiisaa jirra" jedhan. Lolaan kuni daandii gandoota lamaan magaalattii walqunnmsiisu fi gara Godina harargee lixaa aanaalee Ancaar fa'an walqunnamsiisu guutumatti waan kuteef hojii namoota baasuu kanatti danqaa guddaa uumuus himan. Sababa kanaanis magaalattiin bakka lamatti cittee jiraachuus eeran. Yeroo ammaa kanattis bishaan kuni dabalaa waan jiruus miidhaa caalu geessisuu akka malus yaaddoo qaban himaniiru obbo Taaddalaan. "Magaalattii cinaatti kan argamu Haroon Basaqaas haala yaaddessaa ta'een dabalaa jira. Yaaddoo guddaa kan nutti uume amma lolaan laga Awaash kuni Haroo Kanaan yoo waltuqe balaa hamaa geessisa. Hawaasa kana rakkoo keessaa baasudhaafis balaa humnaa olii fiduu mala" jedhan. Guutinsa Laga Awaashiin alattis Haroon Qooqaa guutuu isaatiin bishaan hidhicharraa gadhiifamu rakkoo dabalataa uumaa jiraachuus himan. Hoogganaan hooggansa sodaa balaa naannochaa Obbo Maahii Alii aanaalee naannochaa 14 keessatti namoonni kuma 120 ta’an sababa bala lolaa kanaan miidhamaniiru. Naannolee Asaayitaa, Afaamboo, Duubtii fi Naannoo 3 jedhamuun kan beekaman keessatti namoota miidhamaniif mootummaan federaalaa, naannoo akkasumas dhaabileen gargaarsaa deggersa midhaan nyaataa fi meeshaalee biro kennaa jiru jedhan. Balaa kanaan haga ammaatti lubbuun nama tokkoollee akka hin badne kan dubbatan Obbo Maahiin, ta’us garuu namoonni qe’eesaaniirraa wayita buqqaafaman nyaataa fi meeshaalee deggersaa kaan waan harkaa hin qabneef rakkoof saaxilamuun waan hin oolle jedhan. Sababa lolaa kanaan ooyiruun oomishaalee ga’anii jiran kanneen akka timaatimaa, qullubbii diimaa, jirbii fi boqqolloo ofirraa qabu hektaara kuma 21 caalu barbadaa’eera. Aanaa Galaloo gandoota Dabal fi Gafram jedhaman keessatti namoonni bishaan guuteen marfamanii jiran hedduu ta’uu dubbatu Obbo Maahiin.
Aanaa Galaloo gandoota Dabal fi Gafram jedhaman keessatti namoonni bishaan guuteen marfamanii jiran hedduu ta’uu dubbatu Obbo Maahiin. Namoota kunneen achii baasuuf deggersa bidiruu eegaa jiraachuu fi Ministeera Ittisaa irraa ammoo helikooptarii gaafatanii eegaa akka jiran dubbatan. Naannichatti ammas sodaan jiraachuu kan ibsan Obbo Maahiin bakkeewwan akka Awaash fantaallee, Gawaanee, Galaloo, Amiibaraa fi Dullachaa keessatti bishaan hidhaawwan qooqaa fi qasam irraa gadi dhiifaman akkasumas rooba naannawa kanaa fi iddoo biraatti roobee lola’uun soda hamaa keessa jiraachuu himan. Naannolee sodaa guddaa qaban keessatti komaandi postiidhaan akka hojjetamuu, lolaan uumamee osoo uummatarraan miidhaa hin geessisin sa’atii 24 dursanii odeeffannoo kennuuf gareen hundaa’ee hojii eegaleera jedhan. Miidhaa sababa lolaa kanaan aanaalee naannochaa 14 irra ga’een namoonni q’eerraa buqqa’an bakka tokkotti walitti heddummaatanii jiraatanis yaaddoo koronaavaayirasii akka hin uumneef ogeeyyiin fayyaa deggersa gochaa jiru jedhan.
Badhaasni Noobeelii fayyaa nama jijjiirama tirannaa dhala namaa qorateef kenname Badhaasni Noobeelii Xiin-sammuu fi fayyaa Piroofeesar Savaantee Paaboo qorannoo jijjiirama tirannaa dhala namaa irratti raawwateef kenname. Koreen badhaasichaa akka jedhetti hojii hin danda’amne fakkaatu qaccee sanyii dhala namaa durii lafa kanarraa bade Niiyaandartaal hubachuu danda’eera jedhe. Sanyii dhala namaa dur hin beekamne Denisoovaans jedhamus abuureera jedhan. Hojiinsaa seenaa jiijjiirama tirannnaa dhala namaa fi akkatti pilaaneetii kanarra facaane beekuuf gargaareera. Lammiin Siwiidiin qaccee sanyii qoratu gaaffii bu’uuraa jedhamu deebisuu yaale-eessaa dhufne, firoonni dhala namaa kaan lafarraa badanii akkamiin Homoo Saappiyaans jiraachuu itti fufuutti milkaa’e. Bara 1990 akkatti qacceen sanyii dhala namaa hojjetu qoratamaa ture, sun garuu samuuda DNA aslii tahe fudhachuudhaani. Piroofesar Paabo garuu qaccee sanyii durii, bututeefi kan akaakilee keenyaa qorachaa ture. Baayyeen namaa waan danda’amu miti jechaanii ture. Inni garuu yeroo jalqabaaf lafee waggaa 40,000 turerraa qaccee sanyii (DNA) tartiibeessuu ykn duraa duubaan kaa’uu danda’eera. Bu’aan qorannoosaa firri sanyii namaa baay’inaan Awurooppaa fi Lixa Eeshiyaa keessa jiraate- dhala namaa amma jiruufi chimpaanzii irraa adda akka tahe agarsiisa. Hojiinsaa sanyii dhala namaa amma jiru Hoomoo Saappiyaansi irratti haa xiyyeefatuyyuu malee, firoota keenya lafarraa badanillee ni qorata. '‘Sanyii dhala namaa lubbuun ture kanaafi warra lafa kanarraa badan maal adda godha kan jedhuuf bu’uura kenneera,’’ Koreen Noobeelii. Wal-bira qabaan DNA Niyaandartaaliifi dhala namaa amma jiru kan agarsiise DNA namoota Awurooppaafi Eeshiyaa fakkaata.
Wal-bira qabaan DNA Niyaandartaaliifi dhala namaa amma jiru kan agarsiise DNA namoota Awurooppaafi Eeshiyaa fakkaata. Kunimmoo Hoomoo Saappiyaansiin waggoota 70,000 dura Afrikaa irra yeroo goodaane Niyaandartaalii waliin saal-quunnamtii raawwate ijoollee godhachuusaati. Ilmoon namaa 1-4 tahu DNA isaa Niyaandartaal irraa gatii dhufuuf dandeettii qaama keenyaa infekshiniif saaxilamuu irratti dhiibbaa godheera. Achii dhuftee dhala namaa irratti immoo bara 2008tti gumaachisaa kan mul’ate. Saayintistoonni quba waggaa 40,000 Deenisoovaa jedhamu Saayibeeriyaa keessatti argatan. Piroofeesar Paaboon DNA samuuda quba kanaa qorachun sanyii dhala namaa kana dura hin beekamne Denisoovaans jedhamu ifatti baase. Kunis sanyiin nama ammaa Hoomoo Saappiyansiin warra Deenisoovaan jedhaman waliinis sanyiinsaa makameera. Namoonni Kibba Eeshiyaa harka 6 DNA sanyii Deenisoovaan qabu. Qaccee sanyii dhaalame kuni iddoo hamma oksijiinii xiqqoo jirutti jiraachuu nama dandeessisa namoonni kunis uummata Tibeet ammaati. Pirfoosera Paabon oduu gammachuu kana kaleessa ganama dhagahe. Hoggansi Piroofeesar Perlmaaan,Toomaas koree Nobeelii, ''yeroo itti himnu baayyee gammadee, jecha dhabee ture,’’ jedhe. Paabloo nama naamusa saayinsii qabu dha jedhe. Badhaasa kanaan doolaara 800,000 argate. Abbaasaa immoo bara 1982tti badhaasa damee wal-fakkaataan argatee ture. Sanyiin Niiyaandartaal Hoomoo Saappiyaans jedhamu hamma tahe wal makuun boodarra nama ammayyaa wajjin dorgomuu ijaa hin dandeenyee lafarraa bade jedhama.
Turiizimii hawaa: Dureessi Jaappaan 'michuu jireenyaa' na waliin gara ji'aa imaltun fedha jedhe Dureesssi abbaa biiliyenaraa Yusaakuu Maa'eezaawaa michuu jireenyaa dubartii ana faana imala Space X jedhamuun gara ji'aa adeemtun barbaada jedhe. Namni beekamaa faashinii, umuriin isaa ganna 44 gara ji'aatti balali'uuf nama ogummaa hawaa keessa hin jirre isa jalqabaati. Imalli kun bara 2023 kan karoorfame yoo tahu 1972 asitti gara ji'aatti deemuun isa jalqabaati. Yusaakuu Maa'eezaawaa imala gara sanatti taasisu kana dubartii adda taate waliin dabarsuun fedha jedheera. Abbaan qabeenyaa dhihoo kana jaalalleesaa taatuu Ayaamee Gooriikii waliin kan adda bahe yoo tahu, dubartoonnii imalichaaf akka iyyata galfataniif gaafateera, kana malees, 'sirna jaalallee filachuus' marsariitii isaa irratti akka taasisu dubbata. "Amma qofummaafi qullaa tahuun natti dhagahamaa waan jiruuf, waanin yaadu tokko yoo jiraate dubartii tokko jaalchuun itti fufuu dha," jechuun barreesseera Yusaakuun "Michuu jireenyaan barbaada, gara fuulduraatti jaalalafi nagaa keenya hawaa irraa gara addunyaatti waliin erguu kanin danda'u," jedha. Marsariitiin dureessa kanaa haalaafi sagantaa iyyata baatii sadiif turu baaseera. Ulaagichi namni iyyata galfatu kan hin heerumne, ganna 20 ol, yaada gaarii kan qabduufi gara hawaa deemuu kan feetu jedh. Guyyaa dhumaa iyyata kana Amajjii 17 yoo tahu dureessichi immoo eenyun akka filatan baatii dhuma Bitootessaa irratti beeksisu. Baatii darbe waan Tiwiitara isaa irratti barreesse namoota qooddatan 100 akka feete filachuun maallaqa Jaappaan-yeenii miiliyoona 100 akka badhaasu kakatee ture. ''Kana irratti hirmaachuuf na hordofuu fi isan Tiwiitara irratti barreesse deebistanii qooduu dha,'' jedhee ture.
''Kana irratti hirmaachuuf na hordofuu fi isan Tiwiitara irratti barreesse deebistanii qooduu dha,'' jedhee ture. Dureessi Jaappaan kun daldalaa uffataa online Zozo jedhamu kan qabu yoo tahu galiin isaa kanumarraa kan argamu dha. Horii dhuunfaa doolaara biiliyoon sadii akka qabu kan tilmaamamu yoo tahu aartii irratti qarshii baayyee baasa. Gatiin inni tikeetii imala isaaf bitu hangam akka tahe ifa hin taane. Danuu akka tahuu malu garuu himamaati jira., Garee artistootaa isa waliin fudhatee akka deemus dubbateera.
Aanaa Xambaarrootti 'abdidda samii irraa bu'e' jedhameen manneen 30 gubatan Naannoo Kibbaa aanaa Xambaarrootti 'abidda samii irraa bu'e' jedhameen manneen 30 ol gubachuu Itti gaafatamaa Paartii Badhaadhinaa damee aanichaa kan tahan Obbo Dajaneen Laamminchoo BBCtti himan. Kun torban tokko dura torban Jimaata kaleessaa mudate. Obbo Dajaneen bakkicha geenyee haala abiddichaa akkami jennee namoota bakkicha turan yoo gaafannu osooma manni gubatuu meeshaa keessaa baasaa akka turan nutti himan jedhan. ''Abiddichi meeshaa mana keessaa baasuu hin dhorku. Haa tahu malee abidicha dhaamsuuf bishaanii fi waan jiidhaa yoo itti naqan ittuma caala malee hin dhaamu ture nuun jedhan.'' ''Izgoo maarinnaa kiristoos yeroo jedhanii ililchan abiddichi qabbanaa'aa deemaa ture,'' jedhan Obbo Dajanee Lamminchoo. Abiddichi yeroo namni meeshaa baasuuf ol galu nama hin gubu kan jedhan Obbo Dajaneen namootni baay'een meeshaa qaban osooma manni gubachaa jiru baasaa turan jedhan. Abiddichi mana tokko gubee mana isa cinaa isaa jiru dhiisuun mana isa gara biraa birratti ka'uun gubaa ture. Waan adda tahedha abiddichi. Balaa kanaan lubbuun namaa darbe akka hin jirres himaniiru. Kuduraa fi muduraa akkasuma qamadii fi xaafii naannicha ture irra miidhaa geessiseera jedhan. Maatii tokko jalaa horii jaha irra miidhaa dhaqqabsiisuus himaniiru. Obbo Dajaneen akka aadaa naannichaatti nama tokko jalaa manni gubannaan mana namaa deemee buluu hin danda'u jedhan. ''Hamma manni ijaaramuufiitti maatii isaa waliin ala bula malee mana namaa hin deemu. Kun aadaadhuma naannichaati.'' Godoos taatu ijaarameefii kennamaaf malee bakka biraa hin deemamu kan jedhan Obbo Dajaneen mana dabalataa namoota qaban irraa kan hafe warri manni jalaa gubate akka aluma turan himan.
Godoos taatu ijaarameefii kennamaaf malee bakka biraa hin deemamu kan jedhan Obbo Dajaneen mana dabalataa namoota qaban irraa kan hafe warri manni jalaa gubate akka aluma turan himan. Naannichatti balaan akkasii yoo mudatu kun isa jalqabaa miti jedhan Obbo Dajaneen. Yeroo lamaafi sadii mudatee ture jedhanii bara 2003 keessa aanaa naannoo isaanii jiru tokko keessatti mudachuun manneetiin 80 ol abidda wal fakkaataa akkasiin barbadaa'uu himan. Bara 2009 keessas naannichumatti manneetiin torbaa ol gubataniiru jedhan. Balaa abiddaa namoota hedduu mana malee hanbise kana namootni tokko tokko dheekkamsa waaqaati jedhanii ibsu. Haa tahu malee saayinsiin waa'ee abiddaa kana maal jedha? Gidduugala qorannoo hawaa Itoophiyaa keessa kan hojjetanii fi ogeessa 'astirophysicst' Nabiyyuu Salamoon waan akkasii kun Meetiroraayit [metirorite] jedhamu jedhan. ''Dhagaadha. Abidda samii irraa fidee dhufu hin qabu. Yommuu samii irraa gadi caccabaan isaa bu'u saffisa guddaa waan qabuuf abiddi akka uumamu taasisa malee ofii isaa abidda miti.'' Yeroo samii irraa gadi dhufu harkisa lafaan caccabaa dhufa. Yeroo kana caccabaan isaa bakka garaagaraa bu'uun miidhaa geesisuu danda'a jedhan. Balaan akkasii yoomii fi eessatti uumama kan jedhu dursanii beekuun akka hin danda'amnes obbo Nabiyyuun himaniiru.
Keetii Sulivaan: Dubartii galaana gajjallaa fi samiirraatti seenaa hojjataa jirtu Dubartiin hawaarra yeroo jalqabaaf miilaan deemte amma immoo garaa garbaa seenteetti Mata duree haasaa miidiyaa tahuun waan Keetii Saalliivaan gammachiisee beeku miti. Duabartii Ameerikaa jalqabaa hawaa keessa miilaan deemtee xumuruun bara 1984 keessa maqaanshee kitaaba seenaa irratti galmaa'era. Amma immoo ganna 68'tti garba Paasfiik km 11 yabaluun iddoo gad-bu'aa garba kanaa bira geesseetti. Imallii walii faallaa isheen taasiftu kun jaalala isheen addunyaa kana baruuf qabdu xiyyoo lamaan bakka bu'aafi. ''Ani ijoollummaa koottillee isa dubartiin kana hin gootu jedhan cabseen adeemuufi waa haaraa baruu irratti xiyyeeffadha ture,'' jetti. Bara 1951 Niiw Jeersiitti dhalattee ijoollummaa ishee Kaalifoorniyaatti dabarsite. Abbaan ishee injineera xiyyaaraa yoo tahu, haadha ishee waliin ijoolleen isaanii bilisaan yaada isaanii akka ibsataniifi marii'atan jajjabeessuun ture. ''Maatiin keenya waan baruuf fedhii qabnu hunda irratti nu gargaaru ture.Waanti barbaannu yeroofis haa tahu dhimma jiruu keenya fuulduraaf gargaarus tahu isaan nu bukkee dhaabachuu hin dhiisan,'' jetti Keeliin Ijoollummaatti gaazexaa fi baruullee waa'ee abuurraa odeessan mara ni dubbisti ture.Yeroon sun immoo gareen astiroonootiiwwan Meerkuurii Seveen jedhaman gara hawaatti imalan ture. ''Namoota kana nan arge hundinuu dhiirota turan,homaa nan dinqine. Namoonni waa baruu barbaadaniifi bu'aa bahii jaalatan iddoo namni kana dura deemee hin beekne ni deemu, ni baratus jedheen amane,'' ''Ijoollummaa kootti maal akkan gochuu barbaadu, waa'ee abjuu koo sirriitti beekuu baadhus, jireenyi koo gaaffii gaafachuu, bu'aa bahii keessa darbuu fi wal dorgommii akka qabaatu nan barbaadan ture,''jetti.
Jalqaba afaan biyya alaa barachuun imala jalqabde, digirii immoo jalqabaa saayinsii dachee baratte,yeroos dhiirotatu barnoota kana baay'inaa hordofa ture. ''Yeroos dhiiroti turan dirree keessa dafqaa oolanii dhaqna hin dhiqatan,meeshaalee isaanii qixeessanii hin kaa'an,naamusas hin eegan gatii taheef, ani achi jiraachuun akka waan isaanitti tolu jeequtti ilaalame,'' jetti. Haa tahu malee dubartii tahuu isheetiin qoccollaan saalaa irra gahee akka hin beekneefi piroofeesaroonni yeroos turan hundi akkan hunda danda'uufi waliin akka hojjennuuf na jajjabeessu ture jetti. Astiroonootii taheen dachee kana orbiitii ishee irraa arguu ijaan barbaaduuf NASAtti iyyata barnootaa galcheen bara 1978tti filatame. Yeroos dhaabbatichi dubartootni akka astiroonooti tahaniif yeroo jalqabaaf jajjabeessaa ture jetti. Barattoota 35 keessaa jaha filatamuun yeroo jalqabaaf 1983tti gara hawaa imalan. Yeroo sagantaa hawaatti imaluu kanaaf dubartootni kunneen filataman kuula fuulaafi meeshaa qulqullina laguu ittiin eeggatan qophaa'eefii ture. Yeroo jalqabaaf bara 1984tti Saaliivaanis gara hawaa imalte. NASAdhaaf imala isa 13ffaa ture. Bara kanatti xiyyaara hawaatti ergame keessaa bahuun miilaan hawaa keessa deemuun dubartii jalqabaa taate. Miiltoo ishee Deeviid Leestmaa waliin tahuun sirna orbiitii lafaa haaressuun danda'ama yoo taheef dhimma jedhu qoratani. Ergasii si'a lama gara hawaatti imalteetti. Waliigalaan sa'aatii 532 keessa turteetti. ''Hawaa keessa sa'atii sadiif walakkaan deeme. Akka lakkoofsa yeroo hawaatti yoo ilaaltu garuu baayyee gabaabaa dha,'' jetti Saaliivaan.. ''Dubartoonni ana booda dhufan adeemsa miilaa hawaa keessaa ulfaataa fi wal xaxaa tahe yoo taasisan yoon argu natti tolas,''jetti Yeroo dhaa yerootti dubartoonni sagantaa hawaa keessatti gama garaagaraan hirmaachuun akka waan guddaatti akka ilaaltu himti.Ammallee danqaa isaan mudatu hunda lolaa bira darbuu qabu jetti.
Bara darbe tuutni astiroonotii dubartoota qofa qabu hawaa keessa miilaan imlaniiru. Saaliivaan kana arguusheetti jabinni itti dhagamuu himti. Dubartoota gamasitti imalan keessaa tokko uffannaa lubbuu baraaruuf keewwatan kan Saallivaan bara 1984tti ufftatte keewwatteetu imalte. Saaliivaan bara 1993 NASA gadhiisuun dhaabbata biyyaalessaa garbaafi qilleensaa(NOAA) keessa saayintistii dura buutuu tahuun tajaajiluu jalqabde. Dhaabbata Saayinsii fi Indaastirii biyyattiillee hogganteetti. Yaabala galaanarraa amma isheen taasifte kun kana dura dhiirota lama qofatu yaabale. Tokko loltuu Ameerikaa Doon Waash jedhamu yoo tahu, kaan immoo lammii Siwiizarlaand ture. Kanaan ala daariktara fiilmii Taayitaaniik Jeems Kaameeruun dabalatee qixa galaanaa gadi fagoo kana namoonni qaqqaban baayyee xiqqoo dha. Saallivaadhaan nama yabalaafi abuuraa Veskoovoo jedhamtu gara tujuba garbaa kanaatti akka imaltu ishee affeere. Inni dhuunfaa isaatiin iddoo tujubaa garba paasfiik bira yeroo jalqabaaf qaqqabuu danda'e. Isheetiin immoo dubartiin iddoo gadi fagoo kana arguu qabdi jechuun imeeliidhaan affeereen. Namoota warra jalqaba garba paasfiik kanarra yabalan waliin hiriyyaa tahuu isheetu affeerraa kana argamsiiseef seetee shakkitee turte. Boodarra garuu Veeskoovoon dhuunfaa isaatiin galaanarra akka yabaluu yoo bartu waliigalte. Dilbata darbe Veeskoovoo waliin tujuba garbaa meetira 10,900 fagaatu waliin yabaluun nama saddeettafaa yoo taatu,dubartootaan immoo ishee jalqabaa tahuun seenaa galmeeffamteetti. Imala abjuu fakkaatu jechuun ibsiteetti turtii garba keessatti taasifte.Konkolaataa roobootii isaan waliin galaana gadi fagoo keessa adeemaa ture ilaaluun adda tures jetti. ''Iddoowwan akkasii gahuuf dandeetti qabaachuun keenyi qaama keenya iddoo kana dura jira jennee hin yaadne bira geessuu akka daneenyu baruun waan raajii dha,'' jetti.
''Iddoowwan akkasii gahuuf dandeetti qabaachuun keenyi qaama keenya iddoo kana dura jira jennee hin yaadne bira geessuu akka daneenyu baruun waan raajii dha,'' jetti. ''Uffatuma guyyuu keewwannuu keewwannee turre,tujuba galaanaa faana 31,000 gad dhooqatu keessatti gaafa dilbataa laaqana keenya sooranneerra,''jetti. Dhaabbatni yabala kana qopheesse buufata hawaa irraa gara iddoo dhooqaa garba kanaa akka bilbilamu taasisuun fiixee lamaan kana wal quunnamsiisuu danda'eera. Dhaabbata dhuunfaa Veeskoovoo gara garaa garbaatti yabalaeefi dhaabbati dhuunfaa biroo SpaceX garaa hawaatti imale wal dorgomsiisuun guddina isaan teekinolojiif qaban agarsiifameera. Saallivaanis dameewwan barnootaa saayinsii fi herrega keessatti dubartootni hirmaachuu akka dabalan abdii qabdu ibsiteetti. ''Saayinsii fi teekinolojiin bu'uura dalagaa keenya guyyuu baayyeeti jetti.Kanaaf waa uumuu kalaquu barbaaduu qofatu waan barbaachisaa dhas jechuun dubbatti. Kana booda, ''garaa garbaa keessa qaamaan yaabaluu caalaa dhimmoti ani abuuruu barbaadu jiru,'' jetteetti. ''Saanduqa reeffaa xinnoo sana keessa hanga na kaahanitti garuu imala koo hin dhaabu,'' jetteetti.
Bineensi lafarraa badee ture waggaa 50 booda Afrikaa keessatti argame Bineensi baayyee hin beekamne kan akka arbaa ta'ee garuu hanga hantuuta xiqqaatu humbii (Afaan ingiliziin elephant shrew) jedhamu erga badee waggaa 50 booda Afrikaa keessatti argameera. Humbiin galmee sayinsii 'bineensota badanii' irratti yeroo dhumaaf kan galmeeffame bara 1970 keessa ture. Bineensi kun kan argame Jibuuti yeroo qorannoon saayinsi gaggeeffamuttidha. Humbiin akka arbaa funyaan kumbii fakkaatu kan ittin ilbiisa nyaatan qabu. Yunivarsitii Duuk, UStti saayintiistii qorannoo fi miiseensi qorannoo Gaanfa Afrikaa 2019 kan ta’e Istiivan Heriteeg bineensa kana ‘deebisne fuulatti baasu’ keenyaan gammadeera jedha. “Yeroo jalqaba kiyyoo sana baannee humbii keessatti agarree hedduu gammanne,” jechuun BBC'tti himeera. “Bineensi kam akka Jibuutii keessatti argame hin barre ture, yeroo qorannoo irratti eegee isaa agarree ilaallu wanti kun wanta addaa ta’uu barre.” Sayinstistoonni bineensoti kun Jibuutii keessatti argamuu isaanii dhaga’aanii beeku. Qorataanfi kununsaan umamaa Jibuutii Huseen Rayaleeh qorannoo kanaratti hirmaate kanaan dura bineensa kana argee beeka jedhee amana. Namootni Jibuutii keessa jiraataan bineensi humbii ‘badaniiru’ jedhanii kan hin ammanne ta’us, qorannoon haaraa kun bineensota kana gara hawaasaa sayiinsitti deebiseera jedha. “Jibuutiidhaaf kun oduu barbaachisaa kan biyyattiin akka uumama adda addaa qabdu agarsiisuufi carraan saayiinsii fi qorannoo haaraa akka as jiru kan mul’isudha,” jedha. Gartuun kun bakka 12tti kiyyoo 1,000 ol kaa’uun kiyyoo kana keessa nyaata adda addaa kaa’uun qopheessani. Bineensa jalqabaa kan qabatan kiyyoo bakka gogaafi dhakaan guutee Jibuutii keessa jiru kaa’uuni.
Bineensa jalqabaa kan qabatan kiyyoo bakka gogaafi dhakaan guutee Jibuutii keessa jiru kaa’uuni. Walumaa galatti yeroo qorannoo kanaatti humbii 12 kan argatan yoo ta’u , yeroo jalqabaaf suuraafi vidiyoo bineensota kanaa ragaa sayiinsiif fudhataniiru. Bakki jireenyaa isaanii bakka qonnaafi jireenyaa namaa irraa waan fagaatuuf ammatti rakkoo keessa akka hin jirre hubataniiru. Bineensonni kuniifi kan isaaniin wal fakkaatan Somaaliyaa irra darbanii gara Jibuutiifi Itoophiyaa keessatti argamuu kan danda’an fakkaata.
Qorataa diinagdee dhukkubsattoonni kalee haaraa akka argatan gargaare Namootni waggoota muraasa keessa kaleen isaanii dhukkubsatee kaleen haaraa isaan barbaachise carraan argachuu isaan haala adda taheen dabaleera, sababii isaa qorataa Diinagdee Ameerikaa Alviin Root jedhamudha. Root arjooma kalee addunyaa irratti taasifamu yaad-rimee saayinsii diingdee fayyadamuudhaan akka addaatti jijjiire. Akkasaaf otoo hin taane silaa namoonni kalee haaraa argatanii fayyuu malan yoona dhukkubaan gidirfamaa, kalee isaa wal'aansisuuf rakkachaa jiru ykn du'aniiru ture. Kalee namaa kaaniif arjoomuun kutaa qaamaa kaan arjoomuurra adda, sababiinsaa namni kalee lama waan qabuuf qofa osoo hin taane tokkoon jiraachuu waan danda'uufidhas. Nama jaalattaniif kalee keessan isa tokko kennuun du'arraa hanbisuu dandeessu, rakkoonsaa garuu yeroo baayyee gosti kalee wal-fakkaachuu dhabuudha. Piroofeesar Root yaada kana osoo hin burqisiisiin dura kalee haaraa argachuuf namni tokko du'uu qaba yookiin immoo nama kalee tokkoon jiraachuu danda'u argachuun dirqama. Yaadnisaa ''Kidney exchange'' jedhama. Fakkeenyaaf, namni tokko isa kaaniif kalee kennuu dhufee kaleen isaa isa kennamuuf waliin wal-fakkaachuu yoo dide isa kansaa fakkaatuuf kennee, namni inni kaan kan isaa fakkaatu qabu immoo fudhata jechuudha. Kanaaf namoonni kalee kennuu barbaadan garuummoo nam kennaniif waliin fakkaachuufi dide isa kansaanii fakkaatuuuf kennaniitu, namni isaan kennuufii barbaadanis akkasuma argata jechuudha. Kanaaf immo kaleewwaan hanga torbaatamaa tahan namoota kalee barbaadan waliin geeddaruun danda'ameera. Yaadnisaaa kunis Rootiin badhaasa Noobeelii Ikoonomiskii akka argatu isa taasiseera. Prof Root fuulduratti namoonni kalee isaaniif kaffaltiin kennamuufi ni qabaata jedha.
Prof Root fuulduratti namoonni kalee isaaniif kaffaltiin kennamuufi ni qabaata jedha. Namoonni qarshiidhaan kalee isaanii gurguran fuulduratti akka gootaatti ilaalamuu dandaa'u jedha. Mootumaan kalee walitti qabeetu akka barbaachisummaa isaaniitti tamsaasa jedha. Kanaaf, kaleen nama qabeenya qabuuf osoo hin taane namoota arajooman irratti murtaa'a jechuudha. Qaama namaa qarshiidhaan jijjiiruun garuu ammallee gaaffii naamusaa ni kaasa- ogeessoti fayyaas tahe kaan kana ni mormu. Sagantaa yaalii baasii kalee arjoomuu yookiin wal-geeddaruu kaffaluun biyyoota guddataa jiraniifi guddatan jidduutti akka taasifamu yaadame Dhaabbata Fayyaa Addunyyaa(WHO) deeggarsa hin arganne. Prof Root, sababii hojimaata dhaabotaan namoonni du'uun qaaniidha jedheera.
Gareen saayintistootaa idil-addunyaa Naannoo Affaar Aanaa Miillee keessatti hambaa buqqee mataa kan ganna miiliyoona 3.8 lakkoofsise argachuusaanii beeksisan.
Waraansoo-Miillee: Hambaan dhala namaa umrii miiliyoona 3.8 Affaaritti argame Gareen saayintistootaa idil-addunyaa Naannoo Affaar Aanaa Miillee keessatti hambaa buqqee mataa kan ganna miiliyoona 3.8 lakkoofsise argachuusaanii beeksisan. Hambaa kana waggaa sadiif qorachaa erga turanii booda, bu'aa qorannoo isaanis barruullee saayinsii idil-addunyaa 'Nature' gubbaatti guyyaa har'aa -Roobii maxxanfameera. Piroojektii Waraansoo - Miillee kana olaantummaan kan hoogganan Dr. Yohaannis Hayilasillaasee waan jedhan, argannoon haarayaa kun garee dhala namaan dura ture Awustiraalooppitikas Anaamansis jedhamu keessatti akka ramadamu dubbataniiru. Argannoon kunis waa'ee garee kanaa wantoota haga ammaa hin beekne - kanneen akka boca fuulaafi mataa kan nutti agarsiisedha jedhaniiru. Ogeessi kun dabaluun hambaan buqqee mataa kun guutuumaatti argamuunsaa argannoowwan amma dura argaman irraa adda akka taasisu BBCtti himaniiru. Gosti dhala namaan durii - Awustiraalooppitikas Anaamansis jedhamu kun haga ammaa kan beekamu umriinsaa miiliyoona 4.2 hanga 3.9tti akka tahu wayita tahu, buqqeen mataa gosa MRD jedhamu kun umriinsaa miiliyoona 3.8 akka tahe barameera jedhan Dr. Yohaannis. Umruun haftee kanaa akkamiin akka barame kan ibsan Yunivarsiitii Finfinneetti gargaaraa pirofeesara ka tahan Dr. Muluugeetaa Allaneedha. Akka isaan jedhanitti, tekinooloojii addunyaan bira gahetti fayyadamuun, saamuda dhagaawwan walirra tuulaman iddicharra argamaniifi odeeffannoowwan arkiyooloojii biroo walitti ida'uun umriin hambaa kanaa miiliyoona 3.8 tahuunsaa barameera jedhan. Argannoon kuniifi kanneen biroon maddi dhala namaa addunyaa kanaa Itoophiyaa tahuushee kan cimsudha jedhu qorattoonni kun.
Argannoon kuniifi kanneen biroon maddi dhala namaa addunyaa kanaa Itoophiyaa tahuushee kan cimsudha jedhu qorattoonni kun. Naannoo Affaar fi iddoowwan Suluula Qiinxamaa biroo keessatti hafteen dhala namaan duraa hanga umrii miiliyoona 6 gahan argamuun isaanii Itoophiyaan maqaa 'Cradle of Humankind' jedhu kan irra deebiin cimsudhas jedhaniiru. Argannoowwan haftee dhala namaan duraa digdama keessaa, 13 kan tahan Itoophiyaa keessatti argaman. Kanneen Itoophiyaa keessatti argaman keessaa hedduun keenya ka beeknu haftee maqaa Luusii jedhamuun beekamtudha. Umriin Luusii ganna miiliyoona 3.2 wayita tahu, kan amma argame kunis ganna 600,000'n angafa Luusiiti jechuudha.
Filannoo Yugaandaa 2021: Filannoo Yugaandaa ammas Pirezedaantiin biyyattii Yuweerii Museeveeniin mo'ate Yuweerii Kagutaa Museeveenii kan waggoota 35 Yugaandaa bulchan ammas filannoo pirezidaantummaa Kamisa gaggeefameen mo'achuusaanii Komishiniin Filannoo biiyyattii beeksiisae. Pirezedaantti Museeveenii filannicha kan mo'atan sagalee % 58.64 argachuun yoo ta'u, Morkataan isaa kan ta'e Reebert Kiylagulaanyi ykn maqaa waltajjii isaatiin Boobii Waayin jedhamuun kan ammoo sagalee %34.83 argachuun lamaffaa baheera. Kana jechuun namoota filatan keessaa 5,852,037 Yuweerii Museeveeniidhaaf sagalee yoo ta'e, kanneen 3,475,298 ta'an ammoo Boobii Waayiniin filatan. Namoonni filachuuf ba'an ammoo % 57.22 qofa akka ta'e himameera. Yuweerii Museeveeniin waggaa 35 biyyattii kan bulchan yoo ta'u, filannoo miilana mo'atan kanaan waggaa shan dabalatanii waggaa 40f pirezedaantii biyyattii ta'u jechuudha. Pirezedant Museeveeniin pirezedaantota biyyoota Afrikaa waggoota hedduuf aangoorra turan keessaa isa tokkodha. Inniifi paartiin isaa Sochiin Naashinaal Resiistaans waraana waggoota shaniin booda bara 1986 kan aangoo qabate yoo ta'u erga bara sanaatiin Yugaandaa bulchaa jira. Deegartoonni isaa biyyattiidhaaf hanga tokko nagaafi badhaadhinni akka ta'u, keessumaa ammoo imaammatawwan fayyaa irratti inni fideef isa jajatu. Tatamsa'inni HIV akka gadi bu'u taasiseera. Dhiyeenya kana ammoo tarkaanfiiwwan addaa addaa akka manneen barnootaa, manneen daldalaa cufuu, geejjibawwan dhaabsisuufi seera maaskii dirqamaan godhachuu kanneen jedhan fudhachuun weerara koronaavaayirasii ittisuudhaaf waan hojjetaniin galateeffatameera.
Dhiyeenya kana ammoo tarkaanfiiwwan addaa addaa akka manneen barnootaa, manneen daldalaa cufuu, geejjibawwan dhaabsisuufi seera maaskii dirqamaan godhachuu kanneen jedhan fudhachuun weerara koronaavaayirasii ittisuudhaaf waan hojjetaniin galateeffatameera. Museeveeniin paartii isaa keessaa nama isa bakka bu'u adda baafatee hin qabu. Maanguddoon kun bara 2017 ammoo seera umurii pirezedaantii 75tti daangessu haqu baasuudhan akka ammas pirezedaantummaatiif dorgomuu isa dandeessisutti tolfateera.
Hiika halluuwwaniifi mallattoolee filannoo Afrikaa keessatti Xalayaalee gaazexeesitoota Afrikaarraa walitti aansuun dhufan keessaa, ardii Afrikaa keessatti maaliif halluufi mallattoon yeroo filannoo warra aangoo barbaadaniif murteessaa ta'uu akka danda'u ilaaleera leenji'aa miidiyaafi komunikeeshin kan ta'e Jooseef Warunguu. Wayinii Diimaa yaadattanii? Isa miti; isa qaruuraa keessaa miira keessan dhokatee jiru banachuuf gargaaru sana miti. Ani kaniin jechaa jiru waa'ee Wayinii Diimaa, Red Red Wine, weelluu Reegee Biriitish UB40 jedhamudha. Bara 1983 keessa UK fi US keessatti akkaan kan jaalatamedha. Waggoota 37 booda Wayinii Diimaa [Red Wine] weellisaa lammii Yugaandaa sirba irraa gara siyaasaatti deebi'ee Boobii Wayiniif wal sime. Miseensi Paarlaamaa, maqaan isaa guutuun Rooberti Kiyaagulanii koffiyaa [beret] diimaan yeroo hedduu mul'atu filannoo dhufu irratti pirezedaantummaaf dorgomuuf jira. Amma Bobi Waayin halluu diimaa paartiin isaa Tokkummaa Paartii Biyyaalessaa [National Unity] akka hin fayyadamne dhorkame. Filannoo Afrikaa keessatti gaggeeffamu irratti halluufi mallattooleen filannoo salphaatti kan ilaalaman miti. ''Mallattoon salphaatti kan hubatamu yoo tahe haala salphaa taheen filattoota hedduu bira gaha. Gartokkeen isaanii mallattoo jireenya uummataafi abdii waliin wal qabatu waliin wal qabsiisuun filatu,'' jedhan Dr Owusu Meensaa Yunvarsiitii Gaanaatti barsiisaa Saayinsii Siyaasaa kan tahan. Dr Mishaay Miwangola, Keeniyaa irraa halluun warra Lixaa hiikaa xiqqaa kan qaban fakkaatu jedhan. Fakkeenyaaf UK keessatti Diimaan paartii warra dafqaan Bultootaatti fakkeeffama. Gama biraan ammoo Ameerikaatti warra Rippaabilikaanotaatti fakkeeffama. Paartileen [ Conservatives] jedhaman kan UK fi Dimokiraatotni Ameerikaa ammoo halluu Cuquliisa fayadamu.
''As Afrikaa keessatti uummatni halluun hundinuu hiika qaba jedhee amana,'' Dr Miwangolaa. Hiikni halluu kanaa Alaabaa biyyaalessaa biyyoota Afrikaa hedduu keessattis ni dubbifama. Kunis bakka qabsoon bilisummaa gaggeeffamuun lubbuun itti kaffalame kan akka Keeniyaa dabalateeti jedhan. ''Diimaan dhiiga dhangala'e bakka bu'a. Gurraachi uummata gurraacha biyyichaa ibsa. Magariisni ammoo lafa ykn naannoo falmaniif sana bakka bu'a,'' jedhan kan Keeniyaa yoo ibsan. ''Halluu diimaan paartilee siyaasaa hedduuf hiika guddaa qaba. Paartiin NPP diimaa, cuquliisaa fi adii qaba. NDC paartiin jedhamus akkasuma diimaa,adii fi magariisa qaba. Miseensotni paartilee gameeyyiin dhiigni diimaadha jedhu. Halluu keessa lubbuun jira. kanaaf paartiin keenyas lubbuu qaba,'' jechuudha jedhan Dr Owuso-Mensaa. Filannoo Keeniyaa irratti halluu lamatu dhiyaate. Kan Burtukaanaafi muuzii. Lammiileen Keeniyaa ammallee hiika kennuufiin dubbisu. Duulli filannoo irrattis muuziin osoo burtukaanni jiruu maal gochuufi jedhamuun irratti duudubatamaa ture. Kaan ammoo burtukaana irratti dubbatu ture. Dhuma irratti warri burtukaana deeggaran mo'achuun mootummaan riferendamiin gaggeeffamuuf ture haqame. Garen siyaasaa filannicha mo'ates halluu sana irraa ka'uun maqaa paartii isaanii itti jijjiiran. Orange Democratic Movement[ Paartii Soschii Burtukaanaa] jedhamuun moggaafame. Paartiin kun amma Keeniyaa keessatti Ministera Muummee duraanii Raayila Odiingaan durfama. Bara 2018 keessa Komishiniin filannoo Zimbaabuwee mallattoo paartilee meeshaalee waraanaafi bineensota of irraa qaban hundaa akka hin fayyadamneef dhorkee ture. Meeshaa waraanaa mallattoo keessan irratti qabaachuu dandeessu garuu qeerransa, arbaafi hamaaketa qabaachuu hin dandeessan jedhe. Gama biraan komishinichi Afrikaa keessatti filannoo hedduu kan mo'atamu tolchaan ykn qoricha hojjechiifachuun malee filannoon akka hin taane beeka.
Gama biraan komishinichi Afrikaa keessatti filannoo hedduu kan mo'atamu tolchaan ykn qoricha hojjechiifachuun malee filannoon akka hin taane beeka. Yokaan ammoo burjaajessuun. Kanaaf mallattoo paartilee irraa bofa akka mar'ataafaa akka hin fayyadamne dhoorkeera. Gama biraan Habaabii (Watermelon) haalaan beekamu keeniyaa keessatti hiika siyaasaa addaa qaba. Siyaasa qajeelfama homaa hin qabne akka jechuuti. Karaa alaa magariisaafi jabaataa yoo tahu keessaan ammoo diimaafi lallaafaadha. Kan hin amanamne jedhamee waan yaadamuuf paartii siyaasaa mallatticha qabu yoo argite hin barbaaddu jechuudha. Dr Owusu. Mensaa mallattooleen hiikaa guddaa qabu, eenyummaa kaadhimaamaa sanaa bakka bu'uun ibsamu jedhu. Gara dubbii jalqaba eegallee Wayinii Diimaa [Red Wine] yoo deebinu mootummaan Yugaandaa hiika mallattoo qabu haalaan hubateera. Bara darbe koffiyaa diimaa akka uffata fi mallattoo humna waraanaatti adda baasee ibse. Namoota kana uffatan biraa akka hidhus ibse. Bobi Wine garuu murtoo kana diduun kaawwatee deemuu ittuma fufe. Dr Miwangolan tarii Boobii Waayin halluu diimaa kana kan filateef aarii halluu keelloo paartii Yuweri Museevenii irraa qabu ibsuuf bakka bu'u godhee tahuu danda'a jetti. ''Keelloon ifa aduu fi gammachuudha. Gareen kaan ammoo lakki nuti aarii qabna jechaa jiru!...kutanno fi kakka'umsa diimaan qolachuuf kan yaadame,'' jechuun ibsiti. ''Keelloon badhaadhummaadha, garuu badhaadhummaan sun eenyuuf?'' kan jedhu qabu. Yoo filattootni Yugaandaa halluu diimaa kan arganii filatan tahe Boobii Waayin Amajjitti masaraa mootummaa keessaa wayinii diimaa unachuunsaa hin oolu jechuudha.
Humni waraanaa Ugaandaa gaazexessitootaa reebuu isaaf dhiifama gaafate Humni waraanaa Ugaandaa gaazexessitoota jaha miseensotni isaa reebanii miidhaniif dhiifama gaafatee, baasii waldhaansa nan kaffala jedhe. Hoogganaan waraana Ugaandaa Janaraal Deeviid Muhoozii gaazexeessitooti miseensota waraanaan reebamuun isaanii fudhatama hin qabu, waraanni baasii waldhaansa isaanii ni kaffalaa jedhan. Miseensonni humna waraanaa kan gaazexessitoota reeban fuula waajira Mirga Namoomaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii duratti yogguu ta'u, hoogganaan dhaaba mormituu Boobii Waayin sarbama mirga namoomaarratti mallattoo (petition) sassaabaa ture dhaabbatichaaf galchuu bakka deemetti. Reebicha uleen miseensonni waraana biyyattii raawwataniin gaazexessitootni jaha miidhamaniiru. Miidiyaaleef ibsa kan kennan ajajaan waraana biyyattii Janaraal Muhooziin, miseensota waraanaa gocha kana raawwatan irratti tarkaanfii fudhatamu uummata ni beeksifna jedhan. Dhaabbatni Biyyoota Gamtoomanii reebicha waajira isaa fuula duratti raawwatame kana balaaleffateera. Kanneen gocha san raawwatan akka gaafatamanillee gaafate. Gamtaan Awrooppaa ibsa torbee darbe baaseen mootummaan Ugaandaa haleellaa miseensonni waraanaa fi Poolisiin gaazexessitoota, kanneen mirga namoomaaf quuqamanii fi hoogganoota mormitootaarraan gahu akka dhaabu gaafateera. Filannoo Pireezidantummaa Yuweerii Kaguutaa Museveeniin marroo jahaaffaaf injifatan duraa fi filannoon boodas mormii biyyittii keessatti dhalateen humni waraanaa tarkaanfii humnaa olii fayyadamuun qeeqamaa ture. Morkataa Pireezidant Museveenii kan ture Boobii Waayin filannoon booda guyyoota hedduuf manaa akka gadi hin baane ugguramee ture. Boobii Waayin guyyoota darban waayee sarbama mirga namoomaa biyyattii keessa jiru ilaalchisee mallattoon(petition) mormii walittii qabaa ture waajira Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti galchuu ibseera.
Boobii Waayin guyyoota darban waayee sarbama mirga namoomaa biyyattii keessa jiru ilaalchisee mallattoon(petition) mormii walittii qabaa ture waajira Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti galchuu ibseera.
Ajajaa WBO Zoonii Lixaa Marroo: Gaaffiif Deebii guutuu sagaleen Gaaffiif Deebii guutuu ajajaa waraana ABO zoonii Lixaa Kumsaa Dirribaa ykn Marroo waliin taasifame.
Iilon Maask doolaara bil. 44n tiwiitarii akka bituuf abbootiin qabeenyaa eeyyaman Namoota abbaa qabeenyummaa Tiwiitara keessaa qooda qaban waligaltee Iilon Maski doolara biiliyoona 44’n dhaabaticha akka bituuf dhiiyate raggaasisuuf filataniiru. Murteen kun kan taasifame erga waajjira oolaanaa dhaabbaticha Saan Firaansiskoo jiru irraa walga’ii gabaabaa bilbilaa invastaroota waliin taasifameen booda. Kana jechuun amma Tiwiitarri mana murtiitti Iilon Maski dhaabbaticha akka bituuf dirqisiisuuf ni yaalu jechuudha. Walga’iin kun kan gaggeeffame hogganaa eegumsaa duraanii Tiwiitaraa kan ta’e Peeyiter Zaatkoon seenetara US duratti raga ba’uu guddaa taasisuu isaa hordofeeti. Ebla keessa, Tiwiitarri dhaabbatticha dureessa addunyaa Iilon Maskiitti gurguruuf waliigalee ture. Ta’us garuu, waligalteen kun kann hamachaa dhufe erga Obbo Maski, Tiwiitarri lakkoofsa akkawuuntiiwwan sobaa miidiyaa hasummaa kana irra jiran ifa hin taasisne jechuun himatee booda. Caamsaa keessa dhaabbaticha bituuf feedhii akka hin qabne beeksisee ture, ta’us garuu Tiwiitarri Obbo Maski waligaltee kana irraa duubatti deebi’uu hin danda’u jechuun falmaniiru. Miidiyaan hawaasummaa kun akka jedhutti fayyadamtoota isaa guyya guyyaan sochiin isaani argamuu danda’uu keessaa %5 qofatu akkawuntii nama hin qabne jedheera. Obbo Maski garuu lakkoofsi kun kanarra guddachuu danda’a jedha. Gatiin dhaabbata Tiwiitara doolara biiliyoona 32’tti kan tilmaamu yoo ta’u, kun gatii Obbo Maski dhiyeesse doolara biiliyoona 44 irra hanga tokko xiqqaadha. Filannoon har’a gaggeeffame himata seeraa Tiwiitarri fudhachuuf ture dhaabu kan danda’u ture, ta’us garuu amma qooddattoonni dhaabbaticha Obbo Maskin mana murtiitti akka himataniif daandii bananiiru. Dhabbati kuniifi dureessi kun mana murti Delaweer jirutti Onkololeessa wal argu jedhamee yaadama.
Dhabbati kuniifi dureessi kun mana murti Delaweer jirutti Onkololeessa wal argu jedhamee yaadama. Yeroo dhadachi gaggeefamutti abbaan murti yoo Obbo Maski dhaabbaticha bituu qabaa ykn hin qabu ta’e ni murteessa. Murtee qoddattoota kana dursee, namichi iccittii Tiwiitaraa baase Piiter Zaatkoo Washingitanitti argamuun, dhimma rakkoo nageenya jedhu irratti Koomiteee Seeraa Seeneti duratti ragaa ba’eera. Seeraa baastoota US’tti akka himetti dhaabbati Tiwiitar miidiyaan hawaasummaa kun hagam eegumsa akka qabu irratti “ uummata dogoggorsaa ture” jedheera. Hogganaa eegumsaa Tiwiitara kana ture Piitar, haala nageenyaa fi eegumsaa irratti “waaggotii hedduun boodatti hafaadha jedheera. Tiwiitar gama isaan Pitar hojirraa akka ari’amee fi himatni isaa dhgaa akka hin taane ibsa.
Waa'ee miidiyaa hawaasaa 'Mastodon' kan Tiwitaraan wal fakkaatu maal beektu? Erga duuressi addunyaa kanarraatti sadarakaa 1ffaa irra jiru, Eloon Maask miidiyaa hawaasaa Tiwiitar bituun dhagahamee kaasee, fayyadamtoonni garii waltajjii biraa barbadaa jiru. Hunda caala waltajjiin fayyadamaa jiru Mastodon kan jedhamu. Garuu inni maaliidha? Midiyaan hawaasaa Mastodon jedhamu kun ammaatti fayyadamtoota 655,000 qabaachuu hima, isa keessaayis namoonni 230,000 torbe darbe itti dabalaman. Irra keessa yoo ilaalamu, Mastodon Tiwiitar fakkaata - fayyadamtoonni mata- dureewwan ‘toots’ jedhamtu barreessu danda’u, kana irratti deebii argachuu, 'Like' fi qooduu (Share) gochu danda’an akkasumas wal hordofus ni danda’u. Gara keessan yoo seenamu garuu Tiwiitaraan adda. Sababa kanaaf fayyadamtoota haaraan fedhii argisiisuu, ta’us ammoo namoota amma fayyadamu eegalanitti yaada wal faallessu uumeera. Waltajjiin kun erga uumamee waggaa ja’a jira garuu sochiiwwan ammaa raawwatama jiru kan kanaan dura ta’ee hin beekneef waltajjichi dhiphateera. Kun qajeelfama gabaabaa itti fayyadamu dandeessanidha. Waltajjii kanarratti wanti jalqaba namni filachu qabu sarvariidha. Baay’eetu jira, mataduree akka, biyya, magaalaa yookin fedhiin adda baafame. Fakkeenya, biyyaa UK yoo filatte, waan arguu barbaaddu teknooloojii, tapha, faashinii filachuu dandeetta. Sarvarii kamiyyuu irra jiraannaan namoota sarvarii biraa irra jiru hordofu dandeetta, garuu sarvarii tokko irra jiraachuun yookin filachuun namoota fedhii wal fakkaataa taʼe qabaniin wajjiin wal isaan barsiisa. Sarvariin beekamoo ta’an kan akka UK fi ‘social’ kan jedhamu sababa namoonni itti baay'ataniif laafeera. Raayaan Wild, kan Sarvariii Mastadoon UK'tti dhaabbatasaa ‘Superior Networks’ jedhamuun to’atu, sa’aatii 24 keessatti namoonni haaraan 6000 caalan seenun galmeessaa takka tursiisu hima.
“Waan namoonni seenuu barbaadaniif baru barbaade. Jimaata halkan hanga sa’aatii afur sarvarii dhaabe, ganama yommuun hirribaa dammaqu namoonni 1000 eegaa turan.” Sarvariin ati filatu maqaa fayyadamtuutti dabalama. Fakkeenyaaf, maqaan kee gammachuu taannan, maqaan ati fayyadamtu akkas ittaanu kana ta'a: gammachuu@mastadonapp. biyya keessa jiru ta'a. Yoo sarvarii tokko fayyadamtan maqaa nama qofa galchite barbaaduu dandeetta, sarvariin gargar taanaan ammoo oddeeffannoo guutuu qabaachuu qabda. Tiwiitar irra haala adda ta’een, Mastodon namoota fedhii qabdu akka hordoftuuf yaada hin kennu. Akkasumas haashtaagii barbaaduu dandeetta. Kunin salphaatti kan namaaf hin galle, garuu salphaatti akka hubatamu isinii godha. Mastodon waltajjii tokko miti. Akkasumas nama tokkoon yookin dhaabbata tokkoon kan dhuunfatame miti. Sarvariin hedduun kuni neetworkii hedduu kan namoota fi dhaabbilee garagaraa wal qabsiisa. Akkan jechuun qabbenyummaansaa giddu galamiti- akka dhaabbata tokkoo bitame gurguramuu hin danda’u. Rakkoonsaa garuu, namni dhuunfaa yookin dhaabbatii sarvarii isaani fayyadamtu dhiisu murteessinaan akkawuntii kee dhabda. Mastodon garuu abbootin sarvarii gaafa cufuu barbaadan ji’a sadii dura odeeffannoo fayyadamtootaf akka kennan gaafatu Hundeessan Tiwiitaar kan jalqaba Jaak Doorsii neetworkii haaraa Bluesky jedhamu qopheessaa akka jiru hime, kunis giddu gala akka hin taane fedhii qabaachuu ibse ture. Ammaatti sarvariin hundi seera to’annoo mataa isaa qaba, gariin hin qaban. Sarvariin garii kanneen jibba facaasuu irra adda bahuu filatan- akkan jechuun sarvariin kunin namoota kaanif hin mul’atan. Akkasumas barreeffami abbootii sarvariitti himatamu danda’a. Jechoota jibba yookiin waan seeraan ala taanaan baafamuu danda’a - garuu bakka hunda haaqamuu hin danda’u.
Jechoota jibba yookiin waan seeraan ala taanaan baafamuu danda’a - garuu bakka hunda haaqamuu hin danda’u. Waltajjiin kunin guddannaan, kunin rakkoo guddaa ta’uf deema. Ammayyuu namoonni jechoota jibba facaasan jiru. BBC fakkeenya arge qaba. Beeksisii jiraa? Lakki. Beeksisii hommaatu hin jiru garuu dhaabbata keeti fi waan gurgurtu maxxansuun dhorkaa hin qabu. Mastodon akka Tiwiitar wa’ee namoonni maxxansan eeggannoodhaan walitti qabee hin qindeessu- waan hordoftoonni kee jedhan akkuma isaan maxxansaniin argita. Kanfalti malee fayyadamanii? Sarvarii fayyadamtu irratti kan hundaa’edha - gariin buusii gaafatu, irra caalaa ammoo kanfalti malee fayyadamuu dandeetta.
Ijoolleetti bilbila kennu kan qabnu umurii kamitti? Addunyaa irratti bilbila ismaartifoonii qabachuun baramaa ta’eera. Ijoolleen hanga parsantaa 91 ta’an bilbila ismaartifoonii ni qabatu jedhama. Ijoolleen yoo bilbila hin qabanne maal ta’u? Ykn faayidaan addaa isaan argatan jiraa? Kun bara kana dhimma wal falmisiisadha. Ofii isin ijoollee keessanitti bilbila kennitu moo ni dhorkattu? Akka maatitti bilbilli ismaatifoonii ijoollee waan hin taanef saaxila jettanii yaadun waanuma eegamuudha. Namoonni addunyaa irratti bebbeekamoo ta’an yaada kana ni deeggaru. Maadoonan daa'imashee angafaatti waggaa 13tti bilbila itti kennuu isheetti akka gaabbituu fi deebitee umurii sanatti akka itti hin kennine dubbatte. Gama biraatiin ammoo bilbila jireenya guyyuu keessatti ni fayyada jettan ni qabattu- bittaa onlaayiniitif, viidiyoon bilbila bilbiluuf fi suura maatitif itti fayyadamuu dandeessu. Hiriyoonni ijoollee keessanii hundi daree keessatti bilbila yoo qabatan, ijoolleen keessanitti hin dhagahamuu? Dhiibbaa ismaartifooni fi miidiyaan hawaasaa ijoollee irratti qabu ilaalchisee gaaffiwwan hin deebine jeddutu jiru, haata’u garuu qorannoon jiru dhiibba fi fayidaa inni qabu agarsiisa. Adumatti ammoo bilbila ismaartifoonii ykn miidiyaa hawaasaa fayyadamuun fayyummaa ijoollee irratti dhiibbaan inni qabu qorannoodhan waanti mirkanaa’e jiraachuu baatus, kun garuu waan hundumaa ibsa jechuudha. Qorannoowwan heddu kan isaan irratti xiyyeeffatan dargaggoota umurii 18 gadiirratti malee darggaggoota sanaa ol jiran irratti miti. Ragaalen bahaa jiran akka agarsiisanitti, sadarakaa guddina isaanii keessatti umuriin ykn yeroon itti ijoollen dhiibbaf saaxilaman akka jira. Ijoolleen keessan ismaartifoonii fayyadamuudhaf gahaniiru jettanii yeroo murteessitan wantoonni yaada keessa galchuu qabdan ijoo ta’an akka jiran ogeeyyin ni ibsu.
UK'tti dhaabbata odeeffannoo to’atu ‘Ofcom’ jedhamu irraa ragaan argame akka ibsutti ijoollen UK'tti ijoollen hedduun isaanii ganna 11 ismaartifoonii qabu. Ganna 9tti dhibbeentaa 44'tu qabata, ganna 11'tti ammoo ijoollen ismaartifoonii qabatan dhibbeentaa 91 ta’u jedhame. UStti ammoo maatin %37 ta’an ijoollen isaanii umurii 9-11 jiran ismaartifoonii mataa isaanii akka qaban dubbatan. Awurooppatti qorannnoon biyyoota 19 keessatti gaggeeffame akka ibsutti ijoollen umurii 9-16 jiran %80 ta’an guyyaadhan ismaartiifoonii qabu. “Ijoollee warra jajjaboo gaafa ilaalle ammoo %90 oli kan ta’an ismaartifoonii qabub,” jetti UStti kan argamu Yuunivarsiitii Kaalifoorniyaatti pirofeesara xiinsammuu kan taate Kaandis Odgaars. Kaandis akka jettutti sooshaal miidiyaa fayyadamuu fi fayyaa sammuu gidduu walitti dhufeenyi homtuu hin jiru. Qorannoowwan walitti dhufeenyi akka hin jirre keessatti hangi dhiibbaa poozitii fi negatiivii xiqqaadha. Miidiyaan hawaasaa akkamitti ijoollee irratti dhiibbaa akka fidu murteessuu kan danda’u ka ijoolletti dhiyoo jiruudha Yuunivarsiitii Kaambiriijitti ogeettii xiinsammuu yaalii kan taate Eemii Orban ragichi kan hin xumuramne ta’uu bira geesse. Gama biraan ammoo dargaggoota tokko tokkoo bilbilli jireenya isaanin kan wal qabateedha- hawaasa wajjin wal-qunnamuuf, yookin waa’ee fayyaa baruudhaf itti fayadamu. Yeroo heddu ijoollen yeroo nama dubbisuuf bilbilatti fayyadaman, hiriyoota fi maatii isaanitti bilbilu. Sababa ismaartifoonii fayyadamaniif ijoollen yeroo heddu ala hin bahan jedhamanii komatamanis qorannoon Daanishitti ijoollee umurii 11-15 jiran irratti gaggeeffame garuu, ismaartifoonin ijoollen bilisaan akka socho’anii fi naannoo hin beekne baruuf akka isaan gargaaru ni agarsiisa.
Muuziqaa dhaggeeffachuun, hiriyoota fi maatii wajjin wal-qunnamuun haala manaan ala jiru akka baran bilbilli akka isaan gargaare dubbatan ijoollen qorannoon irratti gaggeeffame kun. Ragaan qorannoo ijoollee umurii 10 hanga 21 jiran lakkoofsan 17,000 ta’an irratti gaggeeffame akk agarsiisutti dubartoota umurii 11 hanga 13 fi dhiirota umurii 14 hanga 15 gidduu jiraniif miidiyaa hawaasaa humnaa ol fayyadamuun jireenya isaanii gara booddetti akka hin gammanne isaan taasisa. Maatin umurii kana keessatti ijoollee isaanitiif yoo murteessan of-eeggannoo cimaa taasisuu qabu- haa ta’u garuu sadarkaan guddinaa keessatti jijjiiramni ijoolen agarsiisan miidhaa miidiyaan hawaasaa fidutti akka xiyyeeffatan isaan taasisuu danda’a. Ijoollen yeroo umurii dargaggummaa eegalan, hubannaan isaanii saffisaan jijjiirama, kuni ammoo akkaataa itti dargaggoonni yaadanii fi miira isaanii irratti dhiibbaa qabaata. Walitti dhufeenya hawaasaa[hiriyaa] fi sadarkaadhaf akka caalmatti iddoo kennan isaan taasisa. "Sadarkaa guddinaa keessatti dargaggummaan yeroo baay’ee murteessadha,” jetti Eemii Orban. Umurii dargaggummaatti ijoollen hiriyoota isaanitiin oofamu, waan namni biraa yaade gochuuf ariifatu jechuun ibsiti Eemin. Umuriin alatti wantoonni biroo itti fayyadama miidiyaa hawaasummaa ilaalchisee ijoolle fi dargaggoota irratti dhiibbaa geessisan jiru- garuu qorattoonni kana irratti reefu hojjachuu eegalu. “Kuni naannoo qorannoon irratti xiyyeeffatuudha,” jetti Eemii Orbaan. Yuunivarsiitii Veenatti qorattuu muummee komunikeeshinii kan taate Anjaa Isteevik, ijoollen ismaartifoonii fayyadamuun miira itti gaafatamummaafi of-danda’uu akka kennuuf dubbatti. Haa ta’u garuu ijoollen sadarkaa itti bilbila mataa isaanii fayyadamuuf itti gaafatamummaa qabanii fi dhiisan ta’uu to’achuun gahee maatii akka ta’e himti.
Haa ta’u garuu ijoollen sadarkaa itti bilbila mataa isaanii fayyadamuuf itti gaafatamummaa qabanii fi dhiisan ta’uu to’achuun gahee maatii akka ta’e himti. Waanti maatin dagachuu hin qabne ijoollen bilbila fayyadamuu isaanitti gammadoodha moo miti kan jedhuudha jetti Anjaan. Sooniyaa Laavingtan ogeettii komunikeeshiniiti. Maatin, ijoollen isaanii bilbila akka fayyadaman yeroo kennaniif wajjin geemii fa’aa taphachuu fi appilikeeshinii isaan fayyadu itti agarsiisuu akka qaban dhaamti. Maatin akkaataa ijoollen isaanii bilbila itti fayyadamuu qaban mana keessatti seera yoo baasaniif, fakkeenyaf, bilbill ijoollee isaanii bira akka hin bulle yeroo godhan, ofii isaanitiif akkaataa itti fayyafama ismaartifoonii isaanii of-ilaaluu qabu. "Ijoollen nama fakkeessu ykn [isaan sobu] hin barbaadan,” jettu Sooniyaa Lavingtan. Maatin isaanii waan ofii isaanii gochuu dhiisuu hin barbaanne gaafa itti himan hin jaalatan. Fakkeenyaf, yeroo nyaataa nyaatan bilbila fayyadamuu ykn bilbila qabatanii kutaa ciisichaa seenuu fa’aa ijoollee isaanii dhorkanii ofii godhu yoo ta’e ijoollen hin jaalatan.
Haadha ijoolleeshee beela’aniif birrii 300 kadhattee miliyoona 3 ol argatte Haati lammii Indiyaa ijoollee ishee sadii waan nyaachistu dhabde maaamiltoonni miidiyaa hawaasa Birrii 3,348,669 arjoomuufii ibsite. Dubartiin ijoollee ishee waan soortu dhabde kun Subhadiraa jedhamti. Subhadiraan dubartii umrii gana 46 yoo taatu, Kibba Indiyaa bulchiinsa Keralaa jedhamu jiraatti. Abbaan warraa ishee du’uu hordofuun Subhadiraan ijoolleesheef maallaqa nyaata ittiin bittu dhabdee, Ruuppii 500 ykn birrii 310 barsiistu ilma ishee kadhatte. Barsiistuun kun Subhadiraan rakkatte muddamuu hubattee miidiyaa hawaasaarratti duula deeggarsa ittiin sassaabdu Jimaata darbe eegalte. Kana hordofee Dilbata darbe kana maatiin rakkatoo kanaaf Ruuppii miliyoona 5.5 sassabameef. Subhadiraan, dubartiin maqaan abbaa ishee hin eeramne kun Hagayya darbe keessa abbaan warraa ishee erga du’ee as muddama keessaa hin bane turte. Subhadiraan, ijoollee sadii horattee keessaa inni quxisuun dhibee maashaa qaama laamshessu’ cerebral palsy’ jedhamuun qabame kunuunsa itti dhiyeenyaa waan barbaaduuf hojii barbaadu hin dandeenye. Jimaata darbe mana barnoota naannoo ishettii barsiistu Girija Harikumaar bira dhaqxee, ijoolleen koo waan nyaatanii bulan hin qaban jettee maallaqa kadhatte. Aadde Harikumaar, barsiistu afaan Indii yoo taatu BBCtti akka himtetti, jalqaba barataashee Abisheek abbaan isaa du’uu hordofee rakkoon maatisaa mudachuu gaafatte. Abisheek ykn haatii isaa yeroo jalqabaaf deeggarsa yeroo itti gaafatan ture. ‘’Ruuppii 1,000’n kenneefi, waan ta‘e tokko siifan dalaga jedheen itti hime,’’ jette barsiistuu Harikumaar.
‘’Ruuppii 1,000’n kenneefi, waan ta‘e tokko siifan dalaga jedheen itti hime,’’ jette barsiistuu Harikumaar. Harikumaar sana booda maatii haadha iyyeessaa rakkina keessa jiran argite. ‘’Midhaan abboottee tokkotu mana isaanii keessa jira, ijoolleen ishee waan nyaatan hin qaban,’’ jette Harikumaar. ‘’Maallaqa xiqqoo kana Subhadiraaf yeroo kanatti kennuufin hiika hin qabu, maatii kanaaf tasumayyuu gahaa miti,’’ jedheen yaade. Jimaata darbe galgala toora Facebook gubbaatti rakkoo maatiin Subhadiraa keessa jiran maxxansuun deeggarsa maallaqaa hanga danda’an akka gumaachaniif gaafatte. Barsiistuun kun mallaqni deeggarsa kun kallattiin Subhadiraa akka gahuf lakkoofsa herrega baankii ishees toora miidyaa hawaasarratti maxxansite. Barreeffamni barsiiftuun kun miidyaa hawaasarratti gadhiifte ijoo dubbii ta’uun, Subhadiraan Ruuppii miliyoona 5.5 deeggarsa argatte. Maallaqa deggarsaan argame keessa hangi tokko mana abbaan warraa Subhadiraa otoo lubbuun jiru eegale ijaaruuf oola. Maallaqni hafe ammoo baankii olka’aama. Duulli deeggarsa walitti qabuu ammatti goolabameera.
Buʼaa filannoo Keniyaaa 2022: Oduu dogoggoraa bu’aa filannoo Pireezidaantummaa Keeniyaarratti Wayita lammiileen Keeniyaa bu'aa filannoo Kibxata Hagayya 09, 2022 gaggeesani hawwiidhaan eegaa jiran kantti, namoonni garii miidiyyalee hawaasarratti oduu dogoggoraa bu'aa filannoorratti dabarsaa jiru. Oduu dogoggoraa miidiyaa hawaasarratti balʼinaan qodamaa jiru keessaa hanga tokko akkasitti ibsineerra. Dawoo Odingaa keessatti lakkoofsi namoota filannoof galmaa'anii kan sagalee kennatan kan caaludha jedha inni tokko. Barreessaan pirezidantii Itti-aanaa Wiiliyaam Ruutoo deeggaruu guca bu'aa filannoo fuula Tiwitarii irratti barreessuun, bakka morkataan isaanii Raayilaa Odingaa deeggarsa cimaa itti qabu Kisumuu gama lixa Keeniyaatti namoonni sagalee kennan dhibbeentaa 107.7 ta'uu hime. "Namoonni gabaa Kondeeletti sagalaee kennuuf galmaa'an 362 garuu kan sagalee kennan 390," jechuun Tiwittariirratti barreese. Akka barreeffama kanaatti namoonni sagalee kennan kanneen galmaa'an akka caaluu argisiisa. Haata'u malee, yoo odeeffannoo marsariitii Komishinii Filannoo fi Daangaawwan Walabaa (IEBC) irratti baayyina lakkoofsa namoota filachuuf galmaa'ee ilaalatanii, baayyinni lakkoofsa namoota sagalee jidduugalichatti kannanii sirriin 632 ta'u agarsiisa. Dogongorri qubee lakkoofsa jaha gara sadiitti jijjiree, akka waan namoonni baayyeen kanneen sagalee kannuuf galmaa'an caalaa filatan fakkeesse. Innis dogongora ta'u BBC mirkaneesseera. Filannoo Keeniyaa 2022 kanaan Keeniyaa hogganuuf kanneen pirezdaantummaaf dorgomaa jiran eenyu fa'i? kan jedhu kana keessaa tokkoo tokkoo namootaa irratti cuqaasuun odeeffannoo ni argattu. Dubii Himaan Ministeera Muumee duraanii Raayilaa Odingaa akka jedhanitti, namni itti-aanaa Ruutoo ta'uuf dorgomaa jiru maqaan isaa galmeerra ilaalamee osoo ashaaraa hin fayyadamiin sagalee kenne.
Akka Makawuu Mutuwaa jedhetti, meeshaan elektirooniksii filannoodhaaf fayyadame ashaaraa quba Rigaadii Gachaguwaa baasuuf rakkoon waan mudateef jedhe. Booda keessa ammoo erga qubasaa rifensa isaatti rigeen booda ashaaraan isaa buddifamu akka danda'e barreesse. Kun kan hubatame barreeffama paartii isaanii mormaa turan irraayi. Akkaawuntiin tiwittaa 'IEBC Tabulation' jedhamu fi loogoo Komishinichaatti fayyadamuun bu'aa filannoo beeksisaa ture. Akkaawutiin amma haqame kunis geessituu gara marsariitii Komishinii Filannoo fi Daangaawwan Walabaa (IEBC)'tti geessu qabachuun akka akkaawuntiikomishinichaa sirrii ta'etti of fakkeessuun namoota dogoggorsiise. Akkaawuntiin Ebla keessa banamee ture kunis odeeffannoo dogongoraa dabarsaa turre malee kan komishinichaan hidhata hin qabne ta'un adda baheera. Torbanoota hedduuf qabiyyeewwan waa'ee qunnamtii saalaa maxxansaa akka ture adda baafameera. Akkasumas barreeffamoota dhihenna kana maxxansaa tureen ammoo namoota siyaasaa filannicha keessatti hirmaatan irratti odeeffannoowwan loogii argiisisaa fi waan akkaawuntii IEBC isa dhugaa irra hin eegamu maxxansaa ture. Akkaawuntiin kun seeraa tiwitaraa cabsuu isaatiin akka dhaabbatu taasifameera. Odeeffannoon miidiyaalee hawaasaa kan akka WhatsApp, Twitter fi Facebook fa'i irratti qoodaman akka jedhaniitti, kenniinsi sagale biyya alaattikanneen akka magaalaa Siidinii- Awustiraaliyaa fa'i keessatti gaggeeffamu odeessan. Akka odeeffannoo kanaattis, sagalee magaalaa Siidnitti kennameen injifannoo kan Odingaa ta'uu himan. Garuu kenniinsi sagalee Awustiraaliyaa keessatti geggeffame hin jiru ture. Komiishinii Filannoo fi daangaalee walabaa biyya alaa lammileen Keeniyaa keessa jiraataniitti sagalee kennachuu danda'an jechuun biyyoon adda baasee: Buruundii, Taanzaaniyaa, Ruwaandaa, Yugaandaa, Afrikaa Kibbaa, Ingilaand, Kaanaadaa, Ameerikaa, Sudaan Kibbaa, Kaataar, UAE fi Jarman ta'uu beeksiseera.
Komiishinii Filannoo fi daangaalee walabaa biyya alaa lammileen Keeniyaa keessa jiraataniitti sagalee kennachuu danda'an jechuun biyyoon adda baasee: Buruundii, Taanzaaniyaa, Ruwaandaa, Yugaandaa, Afrikaa Kibbaa, Ingilaand, Kaanaadaa, Ameerikaa, Sudaan Kibbaa, Kaataar, UAE fi Jarman ta'uu beeksiseera. Haaluma kanaanis Awustiraaliyaan biyyoota kana keessaa hin jirtu. Imbaasiin Keeniyaa Awustiraaliyaatti argamus magaalaa Kanbeeraa jira malee Siidinii keessa miti.
Lammiin Senegaal Kaabii Laamee mootii TiikTook addunyaa ta'e Wayita ammaatti Tiik Took irratti baayyina hordoftootatin dursaa kan jiru lammii Seneegal kan ta'e Kaabee Laamedha. Dargaggeessi ganna 22 kun jecha osoo hin dubbatin mallattoo qofaa agarsiisee yaada isaa ibsachuun Tiik Taakaroota Ameerikaa caaluun sadarkaa duraa irratti aragama. Kanaan duras sadarkaa tokkoffaa qabatee kan ture Chaarlii Di Amiliyoo ture. Yeroo ammaa kana Laamen hordoftoota miliyeena 142.8 yoo qabaatu Di Amiliyoon ammoo hordoftoota miliyeena 142.3 qaba. Bara 2020 ji'a Sadaasaa keessa Di Amiliyoon hordoftoota miliyeena 100 qabaachun dursaa ta'ee ture. Laameen gara Tiik Took kan dhufe biyyi inni jiraatu Xaliyaanin weerara koronaa vaayirasiitin yeroo lammiilen ishee dhumaa turanitti. Yeroo sana kaabeen hojii irra ari'amee manatti gale. Bilbila isaa fuudhee waanuma namoonni itti dhiphatan tokko fuudhee bifa salphaadhan akkamitti furuun akka danda'amu sgaalee osoo hin baasin mallattoo qofaan agarsiisuu jalqabe. Har'a maqaan Tiik Took gaafa ka'u namni maqaa isaa dhahee kan hin quufne, waanti inni hojjate miliyeenan kan ilaalamuu fi sagantaa gurguddaa irratti affeeramuu Laameen dargeessa dureessa kiisha furdaa ta'eera. Dargaggeessi Tiik Took dhaan duroome akka warra kaanii osoo shubbisuu hin mul'atu. Inumaayyuu qaamni isaa waan eeyyamamuuf hin fakkaatu. Yeedaloo barrreessee agarsiisee qalbii namaa hawwachuuf hin dhama'u.\nSirba ykn hojii nama biraa fakkeessee hojjachuuf hin dhama'u. Callisumaan waan namni hojjatu qeeqa. Amma Tiik Tookaroota addunyaa irra jiran hunda dursaa jira. Viidiyoowwan inni Tiik Tookii irratti maxxansu gabaaba fi baay'ee salphaadha.
Viidiyoowwan inni Tiik Tookii irratti maxxansu gabaaba fi baay'ee salphaadha. \nQeeqni inni hojii namaa irratti dhiyeessu jechaan osoo hin taane gochaani. Namoota waan wal-xaxaa karaa salphaa ta'een hojjatan deebisee argisiisa. \nAchiin booda harka isaa diriirsee mataa isaa sochoosee xumura. Kanuma kan inni argisiisu. Kaaben Seneegalitti dhalate, amma Xaaliyaan jiraata. Kaaben bara 2020 tti gara Tiik Took dhufe. Sababni inni Tiik Took jalqabe ammoo yeroo koronaa vaayirasiin hammaatu sana warshaa keessa hojjatu keessaa hari'ame. Gara mana maatii isaatti deebi'e. Hojii biraa barbaada jedhame osoo eegamuu guyyaa guyyaan viidiyoowwan maxxansuu eegale. Viidiyoon inni maxxansu namoonni sababa qabatama malee waan tokko wal xaxaa akka godhan kan agarsiisudha. Akka inni jedhutti, namoonni addunyaa mara irraa viidiyoo isaa jaalatanis fuulasaa baayyee nama kofalchiisu akka isaan koflchisu himu. Gama biraatiin ammoo yaada isaa hubachuudhaaf dirqama afaan beekuun ykn dubbachuun akka hin barbaachifne hima. Kaabiin kubbaa miilaa kan jaalatu yoo ta'u, viidiyoowwan irratti tiishartii kilaboota uffachuun mul'ata. Deegaraa garee Deevantas kan ta'e Kaabiin, gareewwan Edii Marfii fi Wiil Ismiizi kanneen inni dinqisiifatu keessaayi.
Dubartii TikTok irratti shaaxxee rifeensaan eegaltee mana jireenyaa argatte Mana jireenya dhuunfachuuf wanti isin barbaachisu shaaxxee rifeensaa bu'aa hin qabne utuu ta'ee hoo? TikTokeriin Demii Iskiipper jedhamtu TikTok irratti meeshalee wal gegeeddaruun kana dhugeessiteetti. Piroojeketii Na Geeddara (Trade Me) jedhu Caamsaa 2020 keessa eegaltee, hanga ammattii wantoota hedduu namootaan wal geeddarteetti, kan akka faaya gurraa, bibila iphone fi tiraaktaroota sadi. Maal kana qofaree, dubartiin ganna 30, Saan Firaansiskoo, Kaaliforniyaarraa taate kun amma Naashviil, Tenasii keessatti mana jireenyaa dhuunfatteetti. Namicha Kaayel MaakDoonald jedhamu, bara 2006 irraa eegalee kilippi waraqaa geeddaruun eegalee hanga mana jireenyaa argachuu gahe fakkeenya godhachuun eegalte. Jalqaba shaaxxee rifeensaa tokko fuute na geeddaraa jettee TikTok gubbaattti baastee, faaya gurratti geeddaratte. Isaarraa eegaluun, kubbaayyaa maargariittaa (dhadhaa), sanarraa vakiwuum kiliinarii (mana qulqulleessituu)tti guddiste. Mi'a sirrii argachuufis gabaa interneeta akka eBay, Facebook Marketplace fi Craiglist fayyadamteetti. Geeddarri ishee jalqabaa qaamaan Saan Firaansiskoo keessatti taasifte. Geeddarsi boodarra ammoo US keessa imaluun taasifte. Kanumaan TikTok irratti Iskippeer viidiyoo namoota mi'a TikTok fi Instagram irratti geeddaru fedhan gaaffachuun maxxansitee, galmi ishee inni dhumaa mana jireenyaa argachuu akka ta'e himte. Vaakiyuum Kiliinarii gara Isnoowboordiitti, sanammoo gara heedfoonitti, sanarraa gara laaptooppiitti, sanammoo kaameeraatti geeddarte. Sana booda kophee Naayikii hedduu geeddaruun iphone argattee sana booda konkolaataatti geeddarte. Abbaan qabeenyaa konkolaaticha Minisootaa irraa gara Saan Firaansiskootti oofee itti kenne - akka seenaan Piroojektii Na Geeddaraa ishee baramaa dhufeen hordoftoonni Iskiipper baay'achaa dhufani.
Abbaan qabeenyaa konkolaaticha Minisootaa irraa gara Saan Firaansiskootti oofee itti kenne - akka seenaan Piroojektii Na Geeddaraa ishee baramaa dhufeen hordoftoonni Iskiipper baay'achaa dhufani. Sana booda, Iskiippar konkolataa biraatti geeddarte, torbanoota muraasa booda, konkolaaticha faaya mormaa doolara 20,000'tti tilmaama jettee yaaddetti geeddarte, garuu faayyi kun doolara 2,000 gadi ta'e. Barbaacha torban lamaa booda, Iskiippar faaya mormaa kana saayikilii doolaara 1,800'tti tilmaamamutti geeddaratte. Saayikilii kana ammo konkolaataa Mastaangitti geeddaratte - Mudde darbe ammoo Iskiippar konkolaataa ishee mana xiqqootti geeddaratte. Manichi ammo konkolaataa Honda CRV'tti, sunimmoo tiraaktaroota sadiitti, sanamoo kaardii mana nyaataa Chipootleetti wagga tokkoof maallaqa malee akka nyaattuu fi kaaffaltii malee paartiif nyaata akka dhiyeessuufitti geeddaratte. Iskiippar Kaardii sanammoo mana konkolaataa Tesla Powerball doolara 40,000 ta'utti geeddaratte, dhuma irratti, geeddarsa dhumaa isheen konkolaaticha mana Naashiviilitti dhiyoo jirutti jijjiirratte. Viidiyoon isheen maxxansite yeroo isheen manashee yeroo jalqabaaf agartu mull'isa. Namootni miiliyoona shan ol ta'an imalashee kan hordofaniiru. Amajjii keessa Iskiipparii fi abbaan manaashee waliin Kaaliforniyaa irraa gara Teennasiitti imaluun mana isaanii kana haarressuu.
Waraana Tigraay: Waa'ee haasaa jibbiinsaa Facebook fi Twitter maal hojjatan? Dhaabbanni miidiyaa hawaasaa gurguddoon Facebook fi Twitter gahee waraana Itoophiyaa keessatti qabaataniif balaaleeffannaan irratti ka'eera. Qeeqxoonnis dhaabbileen kunneen haasaa jibbiinsaa fi gochaawwan okkora kakaasan to'achuuf hojii gahaa hin raawwanne jedhu, haata'u malee dhaabbileen kunneen himannaa kana hin fudhatan. Fakkeenyota muraasaa fi to'achuuf waan raawwatame ilaallee jirra. Akka dhaabbata kanaatti, ummata Itoophiyaa keessatti kan parsantaa 10 ta'u qofatu Facebook fayyadama. Kana malees gahiinsi intarneetiin gadaanaa yoo ta'u, eddoowwan tokko tokkotti bu'uuraaleen misoomaa biroodbaandii ni hanqata. Haata'u malee, lammiileen Itoophiyaa biyya alaa jiran miidiyaa hawaasaa haalaan fayyadamu. Kanaafuu yeroo hunda maxxansoonni MM Abiy Ahimad 'Like' fi 'share' kumaatama argatu. Motummaan Itoophiyaa fi kanneen isa morman waan miidiyaa hawaasaa irratti ta'aa jiru itti dhiyeenyaan hordofan. Fakkeenyaaf, Facebook kan amma Meta jedhame, maxxansa MM Abiy lammiilee hundi ka'uun finciltoota Tigraay barbadeessaniif ittiin waaman, waan haqeef mootummaan balaaleeffateera. ''Dhaabbileen akka Facebook jiraniifi okkoora babal'isuuf itti fayyadamamu, ergaa MM keenyaa haquun eenyummaa dhugaa isaa agarsiiseera,'' jedhee ibsi motummaan baase. Dubbii himaan Metaa BBCtti akka himeetti, ''Meta biratti ergaawwan hanga seera hawaasaa keenyaa cabsanitti namoota dhuunfaa kaasee hanga kan dhaabbilee ni haqna. Eeenyuu ta'usaa hin ilaallu,'' jedhan. Dhaabbanni mirgaaf falmu Aminastii Intarnaashinaal waraana Itoophiyaa tibbanaatiin wal qabatee maxxansa miidiyaalee hawaasaa ifatti okkoora kakaasanii fi gadi xiqqeessuu sabaa qaban baayyachuu akka hubate beeksiseera. Baatii darbe keessa, Facebook keessa hojjataa kan turte Firaansiis Haageen, haalli dhaabbatichi maxxansawwan itti sadarkaa kennu, keessattuu ''eddoowwn akka Itoophiyaatti dhugaatti okkora sabaa jajjabeessaa jira'' jettee turte.
Akkasumas miidiyaalee hawaasaa kan biraa akan akka Tiwiitaraa irratti fakkeenyota maxxansawwan okkora kakaasanii turan. Maxxansi tiwiitaraa asiin olii kun deeggartoota finciltoota Tigraayiin kan barreeffame wayita tahu, haleellaa MM Abiy irratti akka gaggeeffamu jajjabeessa waan ta'ef haguugneerra. Akkasumas fakkeenya asiin gadii kun ammoo, akkaawuntiin fuula deeggartoota Amaaraa kan barreeffamaafi suuraasaa isaa sababiidhuma wal fakkaataaf jecha guutummaan mul'isuu hinbarbaadnedha. "Waan na aarsu fakkeenyawwan ifa ta'an irratti tarkaanfii hin fudhatan,'' jetti Timniit Gabruu qorattuun daataa fi kan miidiyaalee hawaasaa Itoophiyaa itti dhiheenyaan hordoftu. Isheenis namoota dhiheenya kana maxxansi namoota mootummaa haala akka baleeffamaniif waamichi taasisuu tokkoo akka haqamuuf duula gaggeessaa turan keessaa tokko. Isaanis maxxansichi ''duguggaa sanyii kan jajabeessuudha'' jechuun amanu. Facebook jalqabarratti maxxansichi imaammatawaan isaa hin mormu jedhee ture, booda garuu ni haqe. ''Erga maxxansicha haqaniin boodas... akkaawunticha irratti tarkaanfii hin fudhanne'' jetti Timnit. Gareen Neetiworki Farra Haasaa-Jibbaa ofiin jedhu tokkoos fuula Facebook mataasaa hundeessuun qabiyyeewwan fudhatama hin qabne kan adda baasuu yoo ta'u, dubbiftoonnis waan argan akka gabaasa taasisan gaafata. BBC gamasaatiin, maxxansa facebook torbanootaaf erga tureen booda garuu erga eeruu kenneen booda seera cabsuun haqaman argeera. Ta'us, dhaabbatichi maxxansa eeraman muraasni kana imaammata isaa cabsanii waan hin taaneef hin haqnu jedha. Deeggartoonnii fi mormitoonni mootummaa lamaanuu kanneen faallaa isaanii cufsiisuuf jecha sirna gabaasa gochuu (in-built reporting tools) Facebook fi Tiwitara irratti fayyadamu. Kun ammoo gara himannaawwan miidiyaan hawaasaa haala wal qixa ta'een hunda keessummeessaa hin jiru jedhutti geesse.
Tiwiitariin haalaa Itoophiyaa keessaa hordofaa jiraachuu himuun, ''nageenyummaa haasaawwan tiwiitara irraa eeguuf kutannoo qabaachuu,'' beeksise. Jalqaba baatii kanarrattis, dhaabbatichi Itoophiyaadhaa 'Trends' - kunis mata dureewwan baayyee haasa'aman kan agarsiisu, yeroodhaaf dhaabeera., ''Tarkaanfiin kunis balaawwan haala qindaa'een okkora kakaasuu ykn miidhaa umuu ni hir'isa jennee abdanna,'' jedhe. Ta'u garuu, akkaawuntiiwwan deeggartoota mootummaa muraasni tarkaanfiin kunis yeroo hashtag deeggarsa mootummaa itti mata dure ta'etti fudhatame jechuun komatu. Facebook gamasaatiin waggoota lamaa oliif tarkaanfiiwwan nageenyaa irratti invasti gochuu hima. Kanaanis dandeettii ittiin qabbiyyeewwan maxxansaa jibba qabaniifi okkora kakaasan Afaan Amaaraa, Oromoo, Somaalii fi Tigriffaatiin akka ijaaramu taasisuu hima. ''Garee of kennan qabna. Isaanis kanneen afaan siirriin beekaniifi kan haala Itoophiyaa keessaa itti dhiyeenyaan hordofanidha. Kanaanis qabiyyeewwan miidhaa qabaatan maxxansuu keenya kan mirkanneessanidha,'' jedhu dubbi himaan Meta. Haata'u malees, Facebook qabiyyee afaanoota kanneenii kana hordofuudhaaf namoota meeqa akka mindeesse ifa hingoone. Qabiyyeewwan hedduun hin ilaalaman jedhu Mulaatuu Ayaaleewu Yunvarsitii Finfinnee irraa. Akka inni jedhuutti ''beekamee ykn osoo hin beekamiin, maxxansi Amaariiffaan alatti afaanoota garaa garaatiin barraa'aan gabaafamuufi haqamuuf baayyee hin saaxilaman,'' jedha. Kanaafuu akka waan fuuloonni Afaan Amaaraatiin maxxanfama irratti xiyyeeffatameetti akka itti dhagahamu hima. Facebook gama isaatiin meeshaalee teknooloojii dhimma kana adda baasaniitti fayyadamuun maxxansawwan Afaan Oromoo fi Amaariiffaa battalatti adda baasuu akka danda'u gochuu himeera.
Facebook gama isaatiin meeshaalee teknooloojii dhimma kana adda baasaniitti fayyadamuun maxxansawwan Afaan Oromoo fi Amaariiffaa battalatti adda baasuu akka danda'u gochuu himeera. Dhaabbati Caamsaa fi Onkolooleessa 2021 jidduutti qofaa maxxansawwan facebook fi Instaagraama irratti Itoophiyaa keessaa maxxanfaman 92,000 irratti tarkaanfii fudhachuu beeksiise. "Isaan keessaa kanneen harka 98 osoo namootaan eeruun hinkennamiin dura kan haqamaniidha,'' jedhe.
Godaansa: Lammiilee Itoophiyaa manneen hidhaa Sa'udii jiraniifi sosochii 'Festaala Gurraachaa' Fayyadamtoonni miidiyaa hawaasaa Itoophiyaa keessaa lammiilee biyyattii manneen hidhaa Saa'udii Arabiyaa keessatti dararamaa jiraniif, sochii 'festaala gurraacha' jedhuun sagalee dhageessisaa jiru. Sosochiin gara caalu Afaan Amaaraan #ጥቁር_ፌስታል jedhamuun guyyootaan dura eegalame kanaan, namoonni festaala yookaan mikkaa gurraacha uffachuun ergaawwan garagaraa itti dabarsaa jiru. Kana malees jechoota kanneen 'anis hidhameera' fi ni gaha jedhu fayyadamuun Twitter gubbaa fi keessattuu gama Facebook'n duulli adeemsifamaa jira. BBC Afaan Oromoo guyyootaan dura manneen hidhaa kanneen keessaa tokko kan tahe Al-Kharj jedhamurraa viidiyoo ergameefirraa akka mul'atutti, dargaggoonni kutaa tokkotti rukkatanii ciciisan uffata dhabuun festaala gurraacha kosii itti haramu uffatanii mul'atu. Lammiileen Itoophiyaa kumaatamatti lakka'aman, manneen hidhaa biyyattii keessa jiran akka akkaa keessa yeroo dheeraaf dararaan irra gahuu himatu. Mootummaan Itoophiyaa dhimma kanarratti yeroo garagaraan ibsa kenneen, rakkoo kana furuuf akka hojjetuufi lammiilee hedduus gara biyyaatti galchaa akka jiru dubbata. Itoophiyaan waggaadhuma dabre keessa qofa lammiilee 40,000 ol Sa'udii Arabiyaa irraa galchuu himteetti. Kanneen duula kanatti makaman keessaa namoota siyaasaa dhiyeenya kana mana hidhaatii hiikkaman keessaa tokko kan tahe Hamzaa Adaanee yookaan Hamzaa Booranaati. Aabba Hamzaan suuraalee gama marsaalee hawaasaan gadhiifaman hedduu keessatti mikkaa gurraacha uffachuun mul'ata. Akkasumas namoonni isa wajjiin jiran kaan, lafa ciciisanii haala dargaggoonni mana hidhaa keessa jiran itti jiran fakkeessu. Kanneen suuraalee isaanii qoodaa jiran kunneen, lammiileen mana hidhaa keessa jiran haqa akka argatan gaafachuun cinatti, mootummaan Saa'udii Arabiyaas qabiinsa hidhamtootaa akka fooyyeessuus gaafachaa jiru.
Kanneen suuraalee isaanii qoodaa jiran kunneen, lammiileen mana hidhaa keessa jiran haqa akka argatan gaafachuun cinatti, mootummaan Saa'udii Arabiyaas qabiinsa hidhamtootaa akka fooyyeessuus gaafachaa jiru. Kanneen viidiyoo BBC Afaan Oromoof ergan keessaa dargaggoon tokko erga mana hidhaatti 'darbatamanii' waggaa tokkoofi ji'a saddeet guutuu dubbata. ''Hanga har'aatti fala hin arganne. Nyaata gahaa hinqabnu, uffata hinqabnu. Uffatni takkittii gaafa hidhaa seennu nurraa dhumte.... waan uffannu dhabnee, kunoo mikkaa kosii itti haran kanaan qaama keenya saddaranne.'' Lammiileen Itoophiyaa to'annoo mootummaa Sa'udii jala jiran dhiittaa mirga namoomaa, dhukkubaaf akkasumas du'aaf saaxilamaa turuun dhaabbilee gargaarsa namoomaa dabalatee qaamoleen garagaraa yaaddoo qaban ibsaa turan.
Feesbuukiidhaan na hacuucaa jiru: Quuqamtuu mirga dubartootaa Somaliyaa Lammiin Somaaliyaa amma UK jiraattu Haannaa Paranta yaaliin ajjeechaa irratti raawwateera, ammammoo karaa onlaayinii haleellaan irratti raawwatamaa jira. Kun hunduu waan isheen dubartoota miidhamaniif dubbattuufi. "Somaaliyaa keessatti si hin ajjeesin hafne. Amma UK keessa walabummaan sochoota. Garuu feesbuukiirratti inuma si callisiifna''- kun akeekkachiisa dhalattuu Somaaliyaa amma Uk jiraattu, quuqamtuu mirga dubartootaa Haannaa Paranta'f kennamaa jiruudha. Haannaa Abuubakar Onlaayin jedhamuunis ni beekamti Hannaa Paranta. 'Arrabsoon karaa miidiyaa hawaasummaa kiyyaa naaf ergamu mataa na dhoosuuf' Miidhaa saal-qunnamtii, doorsisa ajjeechaa karaa interneetaa dubartootatti hammaate Dubartoota yakki gudeeddii fi hacuuccaan saalaan walqabatu irra ga'e karaa feesbuukiishee gargaaruun beekamti. Sababa kanaan waggaa darberraa eegalee ergaan doorsisaa ishee qaqqabaa jiraachuu himti. Feesbuukiin walabummaan akka itti fayyadamnuuf uumame ammaa faallaasaa meeshaa ittiin nu haleelan ta'aa jira jetti. Hordoftoota 130,000 feesbuukiirraa kan qabdu Haannaan, namoonni Somaaliyaa walqixxummaa dubartootaatti hin amanne irratti gabaasuun akka jalaa cufsiisuuf yaalaa jiran himti. Amma Uk kan jiraattu dubartiin umrii waggaa 44 Haannaa Parantaa jalqaba umriishee waggaa torbatti Somaaliyaarraa gara Siwiidiin imalte. Achitti hojjettuu dhimma hawaasummaa taate, boodarra waa'ee mirga dubartootaa dhaadhessuu fi falmuu eegalte. Dubartoota Somaaliyaa yakka gudeeddii fi hacuuccaa saalaan miidhaman gargaaruu eegalte. Lammiilee Somaaliyaa hedduu biratti tola ooltummaan beekamti. Hojiin ishee kun garee isheedhaan morman hedduu dallansiise. Kanarraa kan ka'e wayita Somaaliyaa deemtu eegdotaan dabaalamti, yeroo xumuraaf bara 2020 wayita Somaaliyaa deemtu namni wayii hoteela isheen boqotte keessatti ishee hordofuun nyaata ishee summeesse.
Isheen odeeffannoon waan ishee ga'eef nyaaticha hin sooranne, boodammoo gareen haleeltotaa qindaa'uun isheen ukkamsuuf wayita yaalan eegdonni ishee irraa qolatan. Wayita isheen deebitus doorsifni gama bilbilaan irraa hin citne. Feesbuukiinshees takka ugguramaa takka deebi'aa yoona ga'e, namoonni isheerratti qindaa'uun cufsiisuuf akka hojjechaa jiran himti. Dhaabbati teeknooloojii guddichi feesbuukiin gabaasa fudhachuu malee, gabaasota sobaa akkasii hordofuun adda baasuu irratti hanqina qaba jette Haannaan. "Feesbuukii Muddee darberraa kaaseen dubbisaa ture. Waan hundayyuu itti himeera. Gareen narratti qindaa'ee balaan narraan ga'uuf jiru akka jiru itti himeera, garuu namuu na hin dhageenye,'' jette. Kanneen isheerratti duulaa jiran mesanjarii feesbuukii miseensota 300 qabu hundeeffachuun akka ishee gabaasuu eegalan himti. Namoonni kunneen gurmaa'anii nama gabaasu, garuu dabaan namarratti duulu jette Haannaa Paranta. Garuu boodarra deeggartoonni ishee garee sanatti makamuun waa'ee ishee waan dubbatamu hunda suuraa kaasuun erguufii eegalan. Komiin isheen poolisii UK'tti dhiyeeffatte hunduu qindeeffamuun gara feesbuukiitti darbeera. Suuraan namoonni erganiif hedduun gareen kun feesbuukii ishee ugguruun milk'aauu fi YouTube isheef kaayyeffatee jiraachuu mul'isu. BBC'n dhimma Haanna kana qabatee gara feesbuukii deemuun erga gaaffii dhiyeessee booda dhorkaawwan irra kaa'aman muraasni irraa kaafamuu himti Haannaan. Dubbi himaan feesbuukii ,''ergaa miira namaa jeeqa jennee itti amanne haqneerra, kanarraa kan hafe feesbuukiin rogeettii kanaa cufamuu wanti mul'isu hin jiru,'' jedhe. Haannaan garuu haalli feesbuukiinshee itti jiru cufamuurraan adda miti jetti, ergaanshee dafee hordoftoota bira akka hin geenye akkasumas hordoftoota haaraa argachaa akka hin jirre himti.
Haannaan garuu haalli feesbuukiinshee itti jiru cufamuurraan adda miti jetti, ergaanshee dafee hordoftoota bira akka hin geenye akkasumas hordoftoota haaraa argachaa akka hin jirre himti.
Immoojiiwwan seenaa dhugaa namootaa akka qaban beektuu? Immoojiin isin guyyuu fayydamtan duubni isaanii seenaa namootaa dhugaa ta'an qabaatu jettanii yaaddanii beektu? ‘’Muziqaan abbaa kootii ergaa addunyaa dunquuqquu keessaa dammaqsu qaba,’’ jedha weellisaan reegee Andrew Tosh Jamaayikaa irraa. Abbaansaa Peter Tosh, baandii The Wailers jedhamu Bob Marley fi Bunny Wailer waliin tahuun kanneen hundeessan keessatti argamu. Peter lubbuun jiraachuu baatus galfata siyaasaafi muuziqaa dhiiseeti darbe. Amma kiiboordii keessan irratti ‘levitating’ (ol ka’uu, dammaquu) jettanii yoo barreessitan suuraa nama suufii uffate tokkoo isinii baasa, innis Peter Tosh dha. Intalli Peter Niambe Mclntosh dhaala abbaashee bulchiti. Abbaanshee galfata haqaafi mirga namoomaa dhiisee akka darbe dubbatti, hojii isaa itti fufsiisuu koottis nan boona jetti. ‘’Namoonni akka shubbisan qofa otoo hin taane siyaasa itti amananiif akka sirban barbaada ture,’’ jetti. Immoojii jecha sanaaf fayyadamnu seenaa Bob Marley fa’i akka tahe beeka garuu suurichi abbaa koo akka tahe hin beekun ture jetti. Obboleessishees akkasuma suuraa abbaasaa akka tahe hin beeku ture. Weellisaan reegee kun akkamiin suuraa immoojii tahe? Yeroo Maayikiroosooft sirna barreeffamaa kompitaraaf tahan qopheessaa turetti Vincent Connaire ogeessa barreeffamaa ture. Connaire nama muuziqaa jaalatu yoo tahu manni maxxansaa muuziqaa inni jaalatu The 2 Tone Records jedhamu mallattoo baandii Bob Marley fa'a durii irraa fudhatee fayyadama. Bob Marley fi Peter Tosh walirraa galagalanii, walitti hirkatanii suuraa mallattoo sanarra mul’atu Connaire kanumarraati yaada fudhachuun 1990 keessa mallattoo akka immoojii Webding jedhamutti kan galche. Waggoota dheeraan booda mallattoon jalqaba fuula tokkorraa gara biraatti utaaluuf hojjetame immoojii tahuun bilbila nama hundarra gale.
Connaire ammallee mallattoowwan bilbila keenyarratti fayyadamnu qopheessuu itti fufeera. ‘’Waanuma naannoo keenyatti argine kaasna,’’ jedha akkatti hojiinsaa seenaa dhiisee darbaa jirutti dinqamaa. ‘’Fakkeenyaaf, teeppiin immoojii tahe teeppii kooti, tulluun achirra jirus asuma Siyaatil tulluu jiru dha fayyadamne,’’ jechuun hima. Imoojiiwwan erga kalaqamniin booda wiirtuu Teeknolojii Ameerikaa, Silikan Vaalii, Unicode jedhamuuni ifatti bilbilatti kan dabalaman. Yiying Lu fi hiriyyaanshee immoojii kanaa waliin seenaa addaa qabu. Yiying waa’ee mallattoowwanii barachuu jaalatti, hubannoo namoonni waa’ee aadaa garaagaraa irratti qabanis akka bal’ifatan barbaaddi, kanaanis waa’ee hawaasa Chaayinaa San Francisco yeroo baayyee dubbatti. Shaangaayitti dhalattus amma Ameerikaa jiraatti, yaada isheen dhiyeessiteen nyaata Chaayinaa dampliing, muka qal’oo nyaata qabaachuuf gargaaruufi kanneen biroollee immoojiitti akka dabalaman taasifteetti, kunis aadaashee akka ibsutti yaaddi. Seenaan immoojiin isheen nuu qoodde garuu kan nyaata aadaa ishee waliin wal-qabatu miti. Kora immoojii tokko irratti Yiying ogeettii beeksisa daldalaa hoteela Burma Love jedhamu keessaa hojjettu Irene Cho waliin wal-barti. Hoteelli Burma Love jedhamu kun suuraa piikookiidhaan kan miidhagee ture, Yiying maaliif kanaan faayame jechuun gaafatti. Kanumaan Yiying piikookiin aadaa warra Barmaa keessatti mallattoo guddaa akka tahe barte, lama tahuun immoojiitti akka dabalamuuf kora yeroosiif dhiyeessuu yaadan. Yeroon dhimma kana itti gaafatan xumuramaa gatii tureef, halkan guutuu waliin dabarsuun Yiying fakkii wixinee piikookii sanaa yoo hojjettu, Irene immoo yaada isaanii barreefamaan qindeessite. Baatii muraasaan booda Unicode immoojii piikookii fudhachuuf filatte beeksise.
Baatii muraasaan booda Unicode immoojii piikookii fudhachuuf filatte beeksise. Yiying oduu gaarii kana akkuma barteen Irene’tti himuuf bilbiltus ishee argachuu hin dandeenye Haala gaddisiisaa taheen Irene gara biyya mallattoo piikookii fayyadamtu Barmaa otoo deemuuf qophooftuu dhiigni mataa keessatti dhangala’ee lubbunshee darbe Yeroo immoojiin ishee dhiyeessite baatii duutishee dhagahametti filatame, hiriyyoonnishee kana gochuu ishee hin beekan. Yiying ishee waliin kana hojjechuu kootti nan gammada jetti.
Feesbuuk akkaawuntiiwwan Doonaaldi Tiraamp ganna lamaaf ugguruu beeksise Tiraamp Amajjii darbe walatajjiiwwan miidiyaa hawaasaa Feesbuuk fi Inistaagiraam irraa yeroo hin beekamneef ugguramuun ibsamee kan ture ta'uus Koreen dhaabbata Feesbuuk dhorkaan yeroo itti goolabamu hin beekamne sirrii miti jechuun murticha keessa deebi'ee ilaaleera. Sababni uggura kanaa ammoo hokkora Kaappital Hiil walqabatee maxxansaalee Tiraamp hokkora jajjabeessuun maxxansaniidha jedhameera. Feesbuuk, gochaan Tiraamp ''seera keenya akka malee kan sarbeedha'' jedheera. Tiraamp gama isaaniin murteen kun deeggartoota isaanii miiliyoonaan lakkaawwaman kan filannoo bara darbeerratti isaan filataniif 'arrabsoodha' jechuun murticha qeeqaniiru. Dhaabbati Feesbuuk imaammata aanga'oonni siyaasaa maxxansa isaaniirratti jijjiirama akka godhan seera hayyamu hambisuuf yeroo murteessettii dhorkaa raggaasifameedha. Namootni siyaasaa odeeffannoowwan dogongorsoo fi qaama wayii miidhan erga baasanii booda gocha isaaniif sababa dhiyeessuun gaafatamuu jalaa akka oolan seerri dhaabbatichi baasee ture sirrii miti ejjennoo jedhu qabateera dhaabbatichi. Pireezidantii itti aanaan dhimmoota idila addunyaa dhaabbata Feesbuuk Niik Kileeg murteen haaraan dhaabbatichi akkaawuntiiwwan feesbuukiifi Inistaagiraamii Doonaald Tiraamp irratti dabarse yeroo jalqaba akkaawuntiin isaanii cufaman jechuunis Amajjii 7 irraa eegalee lakkaawamuun hojiirra oola jedhan. ''Gocha Tiraampiin akka uggurru sababa ta'e yoo madaallu seera keenya kan cabseedha, kanaaniis adabbii keenya isa dhumaan adabamuutu malaaf'' jedhan Niiik. ''Nageenya hawaasaaf wanti balaa ta'u jiraachuu yoo hubanne yeroo murtaaheefi dhorkaan kaahame akka dheeratu gochuu dandeenya, hanga balaan inni fidu hin jiraannettis qorachuu itti fufna'' jedhan itti dabaluun.
Tiraamp seera kan cabsan yoo ta'e dhorkaan kun ittuu hammaachaa deemas jedhaniiru. Tiraamp maal jedhan? Tiraamp karaa Koree Jaarmiyaa isaanii 'Save America political action' jedhamuun ibsa baasaniin ''murteen Feesbuuk uummata miiliyoona 75 ol ta'u gadi bahee nu filate kan seenaa keessatti isa guddaa ta'eef arrabsoodha'' jedhan. ''Saansurii gochuufi sagalee ukkaamsuu akka itti fufan hayyamamuufiin hin ta'u, dhumarrattis ni injifanna. Biyyi keenya sarabama mirgaa kana baattee itti hin fuftu'' Ibsa isa lammaffaa ugguramuu isaanii ilaalchisee baasaniin ammoo Tiraamp hundeessaa Feesbuuk qeeqaniiru. ''Yeroo ittaanu ani waayit Haawus galu gaaffii hirbaata na affeerii jedhuun Maark Zuukerbargiifi haadha warraa isaa hirbaata hin affeeru'' jedhan pireezidantiin duraanii Ameerikaa. Akka uggura haaraa Feesbuuk kanatti Tiraamp gara waltajjabiiwwan miidiyaa hawaasaa kanatti kan deebi'an filannoo pireezidantummaa biyyattii bara 2024 durseeti. Tiraamp filannoo bara sadii booda gaggeeffamu irratti irra deebiin hirmaachuuf karoora qabu kanaafis lafa jala qophiitti jiru. Waltajjii miidiyaa hawaasaa ji'atti fayyaadmtoota biiliyoona lama qabu Feesbuukiin cinaattis Tiraamp, waltajjiiwwan miidiyaalee hawaasaa akka Twitter, YouTube, Snaptchat, Twitch fi kaan irraas sababuma hokkora Kaappital Hiiliin ugguramaniiru. Immaammatni Feesbuuk haaraan maal jedha? Dhaabbatni Feesbuuk namootni bebbeekamoon seera dhaabbatichaa cabsuun tasagabbii dhabuufi hokkora wayita kakaasan ji'a tokkoon yoo hamaa ta'e ammoo hanga waggaa lamaa nan uggura jedha. Imaammatni kun imaammata kana dura dhaamsi namoota siyaasaa qabiiyyee oduu qaba sababa jedhuun osoodhuma balaa qabu akka dhiifamu jajjabeessu bakka bu'a. Imaammata haaraa kanaanis ergaaleen addatti barbaachisoodha jedhaman, seera jaarmiyichaa yoo cabsan akeekkachiisatu kennamaaf.
Imaammata haaraa kanaanis ergaaleen addatti barbaachisoodha jedhaman, seera jaarmiyichaa yoo cabsan akeekkachiisatu kennamaaf. Qabiyyee maxxansa namoota siyaasaa ammaan duuba safartuu addaan hin ilaalus jedheera. Qabiiyyeen maxxansichaa barbaachisuummaa ykn fayidaa hawaasaaf qabu moo balaa inni geessisutu caala jedhee madaaluun yoo balaan isaa kan caalu ta'e tarkaanfii akka fudhatus ajaja, imaammatni haaraan kun. Koreen Feesbuuk 'Oversight Board' murteen amma dura dhaabbatichi Tiraamp irratti dabarsee ture yeroo murtaahaa waan hin qabneef sirrii miti murtee jedhu dabarseera. Koreen kun miseensota 20 kan qabu yoo ta'u qabiyyee maxxansaalee qorachuun murtee dabasruuf aangoo qaba.
Lola Tigraay: Qondaala UN sobaa fi odeessaalee dogoggoraa waa'ee Tigraay biroo Kaaba Itoophiyaa Naannoo Tigraayitti muddamni ji'ootaan dura eegale ammallee itti fufuun, gabaasaaleen sarbama mirgootaafi kaanis dhagahamaa jiru. Waraanni piroppogaandaa gama lamaaniinuu miidiyaa hawaasummaarra faca'u, oduuwwan sobaa fi nama dogoggorsan qabateera. Miidiyaan mootummaa, Ejensiin Pireesii Itoophiyaa (EPA) akka gabaasetti, qondaalli olaanaa UN duraanii, barreeffamoota dhimma Itoophiyaa deeggaran maxxansaa ture jedha. Fuulli Facebook EPA maxxansa Twitaraa maqaa George Bolton (@GboltonUN) jedhuun barreeffame deebisee maxxanse - ''Obboo Bolton'' - xiinxalaa siyaasaa fi qondaala UN duraanii jechuun of beeksisa. Maxxansaalee isaa keessattis hooggansa Tigraayin ''gara-jabeessa'' ittin jechuun balaaleffata, MM Itoophiyaa Badhaasa Noobelii Nagayaa mo'achuu hima; Ameerikaan lola kana keessaa harka akka hin galfannes morma. Maxxansi walfakkaataanis fuula Facebook EPA Afaanota Amaaraafi Tigree irrattis baheera. Rakkoon maxxansaaleen kunniin qaban tokko maali jennaan? - namni ''George Bolton'' jedhamu kun lafarra waan jiru miti. Namni kun piroofaayilii intarneetarraa biroo kan hinqabneefi UN keessa amma dura hojjechuuf ragaan hin argamne. Suuraan piroofaayilii namni kun itti fayyadamus tasumaa sobadha. Suuraan walfakkaatu gabaasa qorannoo Financial Times kan waa'ee fuula namaa hubannoo nam-tolcheen (AI) midhaaffamanii hojjetame keessa jira. Suurichi kompiyutaraan kan kalaqame malee, suuraa dhala namaa lafarra jiruu miti. Boodarras miidiyaan kun maxxansa isaa hunda waa'ee akkawuntii kanaa hunda haqeera ykn buuseera. Guyyoota muraasa boodas, fuulli Tiwiitaraa kun suuraa piroofaayiliisaa suuraa Barreessaa Olaanaa UN Antooniyoo Guterezitti jijjiire - maqaansaa garuu kanuma durii @GboltonUN jedhuun jira.
Suuraa dogoggorsaa 'bataskaana jijjige' agarsiisu Lolli Tigraay keessaa waldaalee dabalatee gamooleen hedduun akka barbadaa'aniif sababa ta'eera. Haatahu malee, suuraan dubartoota lama gamoo jijjige maddii dhaabatanii kadhachaa turaniifi waldaa Tigraay keessaati jechuun haalaan deddeemaa ture, dogoggorsaadha. Suurichi Tigraay irraa miti. Qorannoo gabaabaa suuraa kanarratti taasifneen, suurichi Adoolessa 2018 keessatti Facebook irratti kan maxxanfame tahuu bira geenyeerra. Kunis lola ammaa kanaan dura oggaa tahu, marsariitii Travel Notes jedhamu akka mul'isutti bakki suuraan kun itti kahes, iddoo Adii Keih jedhamtu Ertiraa keessatti argamtudha. Bataskaanni bakka kan jiru kunis humnoonni Itoophiyaa waggaa 20n dura, 199tti haleellaa gaggeessaniin miidhaa dhaqqabeedha Kana malees haleellichaan booda viidiyoo waraabameen arganneerra. Gamoon jijjigeefi kan suuraa irratti argamu sirriitti walfakkaata. Suuraan kaan qoqqoodamaa ture ammooo daa'imman lama bishaan boora'aa jilbeenfatanii dhugan agarsiisudha. Suuraa kanas kanneen qoodan haalli Tigraay keessa jiru hammaachuu itti agarsiisuuf qoodaa turan. Maxxansi Twitaraa tokko ammoo suuraa kana fakkii kaasuun maxxanseera. Suuricha wajjinis ergaawwan deeggarsa Tigraayif qaban maxxanseera. Sababni fakkii kana kaaseefis namoota Tigraay keessatti beela'aa jiraniif hubannoo uumuudha jedheera. Garuu suurichi tasumaa Tigraay irraa miti - kan kaafamee turees bara 2019tti naannoo ollaa kan taatee Afaar keessa ture. Suuraa BBCn mul'isee kanas fuula feesbuuk irraa oggaa tahu, nama Raqiiqi Baqalaa kan kaampaanii soolaarii Itoophiyaa keessa hijjatuun kaafameedha. Isheenis suuricha kan kaafte tibba ujjummoo bishaanii soolaariin hojjataniif bakkeewwan adda baasuuf gara naannichaa imalteetti Aanaa Baa'iluulii keessatti ture.
Isheenis suuricha kan kaafte tibba ujjummoo bishaanii soolaariin hojjataniif bakkeewwan adda baasuuf gara naannichaa imalteetti Aanaa Baa'iluulii keessatti ture. Guraandhala keessa dhaabni Aminastii Intarnaashinaal gabaasa baaseen, humnoonni Itoophiyaa fi Ertiraa magaalaa Aksumitti sarbama mirgoota namoomaa raawwachuu ifa godhe. Himata kana mootummoonni Itoophiyaafi Ertiraa kuffisanii turan. Kana hordofees gaazexaan mootummaa 'Ethiopian Herald' gabaasa dhiyeesseen, gareen qorannoo Ejensii gargaarsaa Ameerikaa kan tahe (USAID) irraa gara magaalaa Aksum imaluun, ''ajjeechaa jedhamerratti bakka awwaalchaa tokkollee akka hin arganneefi maatii namoota du'anii jedhamanii argachuu akka hin dandeenye'' jedha. Haa tahu malee, USAID garee qoratu gara Aksumitti akka hin ergine hime. ''USAID taatee Aksumitti raawwate jedhamerratti qorannoo gaggeesse hinqabu, garee qorannoos gara bakka sanaa hin ergine,'' jechuun Twitter gubbaatti ibsa baase.
Tiwiitariin pireezidantii duraanii hordoftoota miiliyoona 88 qaban deebi’uu akka hin dandeenyetti uggure.
Taatoon biyya Gaanaa suuraa qullaa maxxansusheetiin hidhaan adabamte Aktirasiin Gaanaa Rosemond Brown yookaan gara caalu maqaa Akuwaapeem Pooloon beekamtu, suuraa qullaa ilmashee cinatti kaatee miidiyaa hawaasaarra erga maxxansitee booda hidhaan baatii sadii itti murtaa'eera. Abbaan seeraa mana murtii Akraa keessatti argamutti wayita adabbii irratti murtaa'e dubbisaa turanitti, imimmaan buustee boosse. Suuraa Adoolessa darbe guyyaa dhalootaa ganna 7ffaa ilmashee irratti maxxanfame kanarratti, gugguuftee harkasaa qabattee jirti. Mucichi paantii kaawwatee isheen ammoo harmashee rifeensa dheeraadhaan haguugdee mul'atu. Suuraan kun hedduu qoodamee intarneeta gubbaa mormii kaasee ture. Aktirasiin suuraa ilmashee waliin kaatee yeroo hedduu maxxansitu kun, dhiifama gaafattullee poolisiin gaaffiif sibarbaanna jechuun waamicha dhiyeessaniifi. Takka turees dhaabbanni miti-mootummaa 'Child Rights International jedhamu akka himatamtu dhiibbaa taasise. Roobii darbes, suuraa hin taane maxxansuu, hokkoraafi kabaja nama biraa xiqqeessuudhaan yakkamtee mana hidhaa galtee jirti. Adabbiin irratti murtaa'e hanga Jimaataatti osoo hin himamin kan hafe manni murtichaa firii qorannoo ulfaa eegaa waan tureefi, qorannoon kunis isheen ulfa akka hin taane mul'ise. Haati seeraa Kiristiyaanaa Kaan akka jedhanitti, adabbiin kun yeroo duudhaa cabsuun dabalaa jiru kanatti hawaasa bal'aaf barnoota guddaa ta'a jedhani. Gariin murtee kanatti yoo waliigalan, kuun garuu miidiyaa hawaasummaa irratti aktirasiin kun akka gadhiifamtuuf guyyaa hidhamterraa kaasee haashtaagii #FreeAkuapemPoloo jedhu fayyadamuun iyyachaa turani. Abukaatoon Akuwaapeem Pooloo, Andii Voorshiyaa BBC Pidgin'tti akka himanitti, gareen seeraa aktirasii kanaa adabbii irratti dabarfame kana haadha qofaa mucaa guddistudha sababa jedhuun akka ol-iyyatan dubbatu.
Abukaatoon Akuwaapeem Pooloo, Andii Voorshiyaa BBC Pidgin'tti akka himanitti, gareen seeraa aktirasii kanaa adabbii irratti dabarfame kana haadha qofaa mucaa guddistudha sababa jedhuun akka ol-iyyatan dubbatu. "Manni murtichaa mucaan ganna torbaa haadha duraa hidhan maal akka ta'u waan hime hin qabu, yeroo isheen mana hidhaa jirtu kanatti eenyutu isa kunuunsa?" jedhe.
Miidiyaa hawaasaa: Facebook haasawa jibbaafi oduu sobaa akkamiin to'ata? Facebook tibbana j'oota muraasa keessa qofa haasawa jibbaati yookaan oduuwwan sobaadha jedhe miiliyoona 22 ol haqeera. Dhaabbatichi kana kan godhu wiirtuuwwan biyyoota addunyaa garagaraatti hundeesseeni. Kanneen keessaas Afaan Oromoo dabalatee afaanonni Afrikaa bahaa biraa kan itti laalaman wiirtuu Keeniyaa keessa jiruuni. Akka ragaan dhaabbata We are social fi Facebook irraa argame mul'isutti, Itoophiyaatti lakkoofsi namoota Facebook ji'atti yoo xiqqaate altokko fayyadamanii miiliyoona jaha ol tahuu agarsiisa. ''Dhaabbata Facebook'f Itoophiyaan gabaa [miidiyaa hawaasummaa] keessatti biyya iddoo olaanaa qabdudha,'' kan jettu ammoo Afrikaa Bahaatti ittigaafatamtuu imaammata hawaasaa dhaabbatichaa kan taate Mersii Nidegiwaadha. Facebook naannichatti hojiilee hedduu hojjetaa jira kan jettu Mersiin, Itoophiyaatti fayyadamtootni hedduun oduuwwaniifi taateewwan biroo Facebook irraa argachuuf gara keenya dhufu jechuun dubbatti. ''Dabalataanis, Itoophiyaatti xiyyeeffannoon keenya, namoonni akkamiin 'pilaatfoormii' keenyarratti yeroo dabarsuun, achii booda ammoo yeroo intarneeta hin fayyadamnes amala agarsiisan irrattis ni xiyyeeffanna,'' jetti. Kana jechuunis qabiyyeewwan haasawa jibbaa, oduu sobaa fi kaan to'achuun, furmaata itti laachuuf hojjechaa jirra jetti Mersiin. Fayyadamtoonni miidiyaa hawaasummaa kanaa, keessattuu kanneen Itoophiyaarraa fayyadaman, irra deddeebiin maxxansi isaanii haqamuu yookaan golgamuu komatu. Kaan Facebook meeshaa garee tokkooti jechuun yoo komatan, kaan ammoo sababa eenyummaa isaaniitiin akka irratti xiyyeeffatame amanu. Yeroo tokko tokko garee sabaa, amantiifi afaan tokkoo walitti gurmaa'uun isa kaan irrattis yoo xiyyeeffatan ni mul'ata. Facebook kanneen oduu sobaa, haasawa jibbiinsaafi maxxansaalee eenyummaarratti xiyyeeffatamanii guyya guyyaatti gadhiifamaniifi biiliyoonaan lakkaa'aman to'achuu danda'aa?
Akkamiin to'ata? Gaaffillee irra deddeebiin ka'an kanniiniifi kaanis qabachuun dhaabbatticha gaafanneerra. Dhaabbatichatti qajeelfama qabiyyeewwaniirratti itti gaafatamtuu kan taate, Fadzai Madzingira, maxxansi tokko kan Facebook irraa haqamu yoo imaammata 'Community Standards' jedhaman daddarbee yoo argamedha jetti. Immaamatni kun ifatti namuu argee dubbisuu danda'a kan jettu Fadzai, kunis pilaatfoormii yookiin aappii keenyarratti wantoota hayyamamaniifi hin heeyyamamne lafa kaa'a jetti. ''Isaaniis mata dureewwaan 26'n qoqqoodamanii lafa kan taa'an yogguu tahu; suuraalee argaaf suruuran (graphic content) hanga maxxansaalee waliin dhawuu akkasumas amala fayyaalessa hintaanee hanga oduu jibbaa ofkeessaa qaba.'' ''Kaayyoon qajeelfama oduu jibbaa Facebook, qabiyyeewwan namoota sababa eenyummaa isaanii irratti xiyyeeffachuun maxxanfaman balleessuudha,'' jechuun himti. Dabalataan, namoota kanneen eenyummaa isaaniin sodaachisuu fi kan qoollifatu yoo taheef, imaammatni kun akka barbaachise dubbatti. Ulaagaa maxxansi tokko ittiin haqamu fakkeenyaan yoo kaastu: ''Fakkeenyaaf ani lammii Zimbaabweeti, yoo maxxansi nama tokkoo sababa ani Zimbaabiwerraa dhufeef yookaan gurraacha taheef, yookaa ammo dubartii sababan taheef narratti xiyyeeffachuun, na sodaachisa yookaan haasaa jibbiinsaa narratti xiyyeeffata taanaan, kana ni haqna,'' jetti. Fayyadamaan Facebook kamiyyuu maxxansa tokko report gochuu yookaan gabaasuu dandaya. ''Yeroo baayyee namoonni waan kana gochuu akka hin dandeenyetti akka fudhatan ilaalla,'' jetti Fadzai. Maxxansa tokko report gochuu dandeessa, profile nama dhuunfaa yookaan fuula tokkorratti iyyata galchuu dandeessa. Kanas gochuu kan dandeessan tuqaalee sadi, gubbaa gama mirgaatti argaman keessa galuudhaan.
Tokko isa gaafa cuqaastu adeemsota gabaasaa garagaraatti si geessa. Achis sadarkaalee sana keessa dabruun yogguu xumurtu, gabaasni kee Facebook bira qaqqaba. Maxxansi sun immaamata Facebook kanneen 'Community Standards' jedhaman daddarbee argama taanaan, ilaalamee haqama yookaan golgama jechuudha. Namni iyyata sana galchees gabaasni maxxansichi haqamuusaa isa gaha. Dhaabbata Facebooktti namoonni hojiin isaanii kana tahe jiru - gareen 'reviewers' jedhaman kun kuma 30tti lakka'mu. ''Namoota kanneen keessaa maxxansi tokko yoo gaaffiin irratti ka'u imaammata keenya walbira qabuun, ilaalanii yoo qajeelfama keenya ni cabsa taanaan ni haqu,'' jetti Fadzai Madzingira. Facebook akka Afrikaa Bahaatti waajira kana tolchu Naayiroobii keessaa qaba. ''Namoonni Afaanota Siwaahilii, Afaan Oromoo, Afaan Amaaraa fi Somaaleefaa dubbatan qabna,'' jetti Fadzai. Dhimmi biraa fayyadamtoota Facebook'n kahu maxxansi tokko lakkoofsa namoota gabaasa godhaniin haqamamoo, waan seera cabsef haqama kan jedhudha. Fadzai kanas akkana ibsiti. Wanti dhimma kana duuba jirutu akkasi: yeroo baay'ee namoonni hordoftoota yookaan hawaasa isaanii, maxxansa nama biraa kan seera keenya hin cabsine akka report godhan affeeru. Kanumaanis yeroo tokko tokko gabaasa hedduu arganna. Kunammoo bu'aasaa hin geeddaru, iyyata tokko callaa barbaanna. Maxxansi tokko kan haqamu, qajeelfama keenya Community Standards jedhaman waan cabsufi. Kun tahuudhaa baatee dogongoraan maxxansi tokko haqameera taanaan, fayyadamtoota keenyaaf carraa murtoo kana iyyachuu kenninaaf. Ergaan maxxansi kee haqameera jedhu si qaqqabee, lakkii maxxansi koo sirriidha jettee mormita taanaan, irra deebiin iyyata galchuu dandeessa. Iyyatni kees nama maxxansa kee amma dura haqe osoo hin taane, nama biraa bira dhaqa.
Iyyatni kees nama maxxansa kee amma dura haqe osoo hin taane, nama biraa bira dhaqa. Namni kunis irra deebiin qajeelfamicha waliin walbira qabuun ilaalee, dogongorri mudateera taanaan, maxxansichi ni deebiya jechuudha jechuun himti.
Maanguddoon Gullisoo suuraansaanii miidiyaa hawaasummaarra naanna'aa ture eenyu? Tibbana Godina Wallaggaa Lixaa Aanaa Gullisoo Ganda Baadiyyaa Bookee Kaddaa jedhamu irraa maanguddoon Tamasgeen Abbulee jedhaman gadda keessa seenanii osoo taa'anii suuraan kaafame miidiyaa hawaasummaarra bal'inaan naanna'aa ture. Sababa rakkoo nageenyaatiin lammiileen godinaalee lixa Oromiyaa rakkoolee adda addaaf saaxilamaa turuu fi jiruu fi jireenyi isaanii yaaddoo keessa jiraachuu isaanumarraa odeeffataa turreerra. Kaan mannisaanii qabeenya waliin akka jalaa gubate, kaan haadha, abbaa, ijoollee isaanii akka rasaasaan dhaban, darbees ammoo hojii qonnaa bu'uura jireenyasaanii ta'e hojjetachuuf akka rakkatan yeroo hedduu ni dubbatu. Yeroo dhiyoo as ammoo namoota sababa rakkoo nageenyaan jireenya gadadoo keessa seenan gara miidiyaa hawaasummaatti fiduun kanneen carraa argatan akka gargaaraman gochuun baratamaa dhufeera. Haata'u malee kanneen seenaa walfakkaataa qaban garuummoo carraa osoo hin argatin haqnisaanii dhokatee jirus hedduu ta'uu dubbatu. Dargaggoo Abdii Taammiruu, namoota akkasaa biroo waliin gurmaa'uun 'Waldaa Tola ooltota Gullisoo fi naannooshee' jedhamu hundeessuun hoji tola ooltummaa hojjetu. Akka Abdiin jedhutti guyyaa tokko osoo gargaarsa kennaa jiranii namoota gargaarsa fudhachuuf adda baafaman keessaa maanguddoo Tamasgeen Abbulee osoo gaddanii taa'anii suuraa kaafaman. ''Suurri kun Jimaata darbe wayita sagantaa deggersa harka qalleeyyii qopheessinetti ka'e. Yeroo sana midhaan nyaataa fi zayita kennaa turre." "Suuraan Abbaa keenya Obbo Tamsageen Abbulee yeros kan kaafame miidiyaa hawaasummaarratti qoodame.'' jedha dargaggoo Abdiin Dargaggoo Abdiin maanguddoo kana itti dhiyeenyaan akka beeku dubbata. ''Maanguddoon kun nama qotatee jireenya fooyya'aa jiraatu turan.
Ijoollee shan horan. Afur amma lubbuudhaan hin jiran. Mucaan durbaa jirtu tokko ammoo heerumteetti. Haati warraasaanii erga du'anii waggaa lamaaf deema. Amma kophaasaanii jiraatu.'' jechuun waa'eesaanii ibsa Abdiin. Wayita sana maanguddoon kun gadda guddaa fi boo'icha keessa turan kan jedhu Abdiin itti siqnee wayita rakkoosaanii gaafachuuf yaalletti boo'ichaaf nutti dubbachuu dadhaban jedha. Suuraan kun kumoota keessaa tokko malee hawaasi naannoo sanaa rakkoo siyaas-diinagdee hammaataa keessa jiraachuu dubbata Abdiin. ''Maanguddoon kun erga kophaatti hafanii as namoota ollaa fi darbee darbee intalasaanii tokkittii irraa waan argataniin jiraatu, yoo dhaban hagabuu bulu. Namni dur qe'eensaanii guddaa ture kun amma guyyaan itti dukkanaa'ee abdii kutatanii jiru.'' Erga suuraan kun namoota hedduu bira ga'ee booda namoonni dhuunfaa fi dhaabbileen tokko tokko gargaaruutti akka jiranis dhageenyeerra. Maanguddoon kun akka deggeraman haala mijeessaa jiraachuu kan himu Abdiin ,''erga suuraansaanii miidiyaatti ba'ee as hawaasi Oromoo kaabaa fi Kibbaa, Bahaa fi Dhihaa iyyaffataa jira" jedha. "Keesattummoo namni biyya alaa jiraatuufi nama Bulee Horaa ta'e kan maqaansaa Taarree Tokkichoo jedhamu bakka abbaasaa buusee gargaaruuf waadaa galeera. Bilbilaanis wal-quunnamaniiru. Baasii ji'aan kaffaluu fi mana yaalaatti akka wal'aanuuf waadaa seeneeraaf.'' Dhaabbilee maanguddoo kanaaf gargaarsa kennan keessaa Giddu-galli Qorannoo Qonnaa Hoolataa tokko ta'uu Abdiin ni hima. Daarektara Giddu-gala Qorannoo Qonnaa Hoolataa kan ta'an Doktar Kafanaa Ifaa sa'a ameessa jabbii waliin maanguddoo kanaaf arjoomuu nutti himan. ''Jalqaba suura nama kanaa wayita miidiyaa hawasummaarraa arginu kanneen naannoo Finfinneerraa buqqa'an seenee wal nu jalaa dhayee ture" jedhu.
"Boodarra Wallagga lixaa akka ta'anii fi nama isaan gargaaru akka hin qabne barre. Kanaaf maanguddoon kun yoo lafa qabaatan galtee qonnaa hunda dhiyeessineefii akka qotamuuf Aanaasaanii waliin dubbanneerra." "Kan biraan ammoo sa'a ameessa yeroo ammaa elmamaa jirtu arjoomuuf giddu galli keenya koreedhaan murteesseera'' jedhu Doktar Kafanaan. Gargaarsa kana torban dhufutti geessina kan jedhan Doktar Kafanaan ammaaf garuu lafti naannoo sanaa midhaan akkamii akka baasu warra aanaa sanaa waliin dubbataa jirra jedhan. ''Sanyiin biqiltuu naannoo sanatti margu maal akka ta'e addaan baafachaa jirra. Kana malees ammoo wayita sa'a kana fuunee deemnu nyaatii fi manni jireenyaa jiraachuu qaba. Aanaanis mana beellada kanaaf ijaaruun akka gargaarsa taasisu dubbachaa jirra.'' jedhan. Maanguddoon kun ko'eessaa fi kophaa akka jiraatan adda baafanneerra kan jedhan Doktar Kafanaan dameen humna namaa keenya hojjettuu isaan gargaartu waggaa tokkof akka qacaruuf murteessineerra jedhan. ''Akkuma argaa turre abbaan keenya kun baay'ee miidhamanii waan mul'ataniif aannan dhuganii akka bayyanataniif ameessa aannanii arjoomne," jedhu. Kana malees bu'aa aannaniirraa gurguratanii akka fayyadamaniif sa'a elmamtu kennineef jedhu. Maanguddoon kun har'a waan nyaatan, waan uffatan, waan rakkina keessaa isaan baasu barbaadu waan ta'eef waan qophaa'aa ta'e arjoomuuf murteessine jedhan Doktar Kafanaan. Maanguddoon kunii fi namoonni biroon isaan fakkaatan sababa rakkinaan irraa baqatamuu hin qaban jedhan Doktar Kafanaan. Isaan qofa osoo hin taane kutaan Lixa Oromiyaa rakkoo hamaa keessa waan jiruuf xiyyeeffannaa barbaadas jedhaniiru. ''Uummanni keenya naannoo Lixaa jiru beelaa fi gadadoon rakkachaa jira. Xiyyeeffannoo barbaada. Giddu galli keenyas naannoo kanaaf gargaarsa taasisuuf mari'achaa jira.''
Giddu galli keenyas naannoo kanaaf gargaarsa taasisuuf mari'achaa jira.'' Nannoon kun kanaan dura oomisha biyyattiif ga'ullee dhiyeessuuf dandeettii kan qabu ture kan jedhan Doktar Kafanaan har'a uummanni keenya naannoo kanaa haala kanaan gadadamee yoggaa arginu baay'ee nama gaddisiisa jedhan.
Dhaabbileen Itoophiyaa miidiyaa hawaasummaa isaanii to’achuu maaliif rakkatu? Guyyaa kaleessaa, Kibxata A.L.I Bitootessa bultii 01, 2012 suuraan miidiyaan Dhaabbata Pireesii Itoophiyaa fuula Fesbuukii isaa irratti gadhiise komii guddaa kaaseera. Dhaabbatichi nama kana dalage jedhe yakkee hojiirraa akka dhorkeefi dhimmicha poolisiin qorataa jira jechuun Walitti Qabaan boordii dhaabbatichaa Obbo Kaasaahun Goofe ibsaniiru. Obbo Kaasahun wanta raawwate 'fokkisaadha' jechuun fuula fesbuukii isaanii irratti ibsaniiru. Dhaabbatichis kanaaf dhiifama gaafateera. Namni kanaan shakkames amaneera jedhameera. Haa ta'u malee, wanti akkanaa haaraa miti. Erga dhihoo as fuula miidiyaa hawaasummaa miidiyaalee Itoophiyaa irratti dogongorri amanuuf nama rakkisu irratti mul'achaa jira. Kunneenis, miidiyaa hawaasummaa irratti dubbii ijoo yeroo ta'an kanneen miidiyaalee xiinxalan immoo gaaffii guddaa akka kaasan dirqeera. Akka fakkeenyaatti, baatii Muddee darbe yeroo Itoophiyaan saatalaayitii furguggiste suuraan saatalaayitii miidiyaaleen mootummaafi qondaaltota mootummaa fayyadaman kan sirrii hin turre. Miidiyaan Waaltaa fuula Fesbuuki irratti pirezidantiin I/Aanaa Naannoo Tigraay du'aniiru jedhee boodarra oduu sobaa ta'un isaas komiifi qeeqa guddaa kaaseera. Midiyaan OBN immoo baatii Muddee keessa suuraa MM Abiy Ahimad badhaasa Nobeelii yeroo fudhatan eeyyama malee fayyadame jennaan dhaabbatni Fesbuukii torban tokkoof fuula Fesbuukii isaa akka hin fayyadamne dhorkeera. Dogongoroonni mudatan ammallee rakkoon hubannoo akka jiran akka agarsiisu hayyuuleenis ta'e kanneen damee miidiyaa hawaasummaa miidiyaa kanneen hogganan ni himu. Rakkooleen akkanaa miidiyaa hunda ibsuu baatanis yeroo adda addaattii rakkoowwan alaalaa mul'atan irraa ka'un yoo ilaalamu rakkooleen miidiyaaleen hedduu qooddachuu danda'an akka jiru mul'isa.
Rakkoowwan ijoo mudatan keessaa dhimma to'annoo miidiyaa hawaasummaa, oduu sobaaf saaxilamuufi abbeentaa qabeenya dhuunfaaf xiyeeffannoo isaan kennanidha. ''Itti fayyadama [miidiyaa hawaasummaa] irratti dadhabinni ni jira. Rakkooleen amma mudatan calaqqee sanaati'' jechuun yunivarsiiti Finfinneetti barsiisaan gaazexeessummaa Obbo Eliyaas Warquu himu. Miidiyaan Waaltaa fuula Feesbuukii isaa irratti oduu Pirezidantiin itti - aanaan Naannoo Tigraay du'aniiru jedhu erga bahe booda dhiifama gaafachuun akka qoratu himeera. Gabaasni kuni televijinii gubbaa bahu baatus ijoo dubbii ta'e Naannoon Tigraay ibsa akka baasu dirqee ture. Rakkoon miidiyaalee, keessumaa kanneen mootummaa rakkoo oduu sobaa tamsaasan baay'eedha jechuun hin danda'amu yaada jedhu qaba gaazexessaa Eliyaas Masarat. ''Beekanis ta'e osoo hin beekin miidiyaaleen oduu sobaa dhiheessanis fuulawwan fesbuukii tokko tokko waliin yeroo walbira qabamu hami isaa xiqqaadha,'' jechun ibsa gaazexessaan miidiyaa AP'f hojjetu kuni. Ta'us, rakkoowwan akkanaa yeroo garaa garaatti ni mul'atu. Yunivarsiitii Finifnneetti barsiisaan onlaayin Jornaalizimii Eliyaas Warquunillee kana mirkaneessu. ''Tokko tokko dogongoreera jedhanii dhiifama kan gaafatan jiru. Kan gabaase sana balleessee callisus jira. Kan immoo akkana jechuuf jenneeti jedhaniis jiru,'' jechuun hunduu dhiifama gaafatu jechuun akka hin danda'amne himu. Oduun Waltaa kuni dafee akka badu ta'us namoonni garuu 'screen shot' suuraa isaa kaasun akka waliin gahu taasisaniiru. Miidiyaafi Kominikeeshinii Waaltaatti Hogganaan websaayitiifi Miidiyaa Hawaasummaa Obbo Abbaba Dassaalany garuu kanaan hin gammadne. Miidiyaan hin dogongoru hin jedhamu kan jedhan Obbo Abbabeen, dogongorri yoo jiraates dhiifama gaafachuun barbaachisaa akka ta'e himu.
Wanti goones kanaa jedhan. Obbo Abbabaan dogongora ta'un erga ibsamee booda wanti akka afarfamu ta'e garuu sirrii akka hin taane kaasun qeequ. ''Miidiyaan tokko yeroo dogongora raawwatu miidiyaadhuma sana irratti dhiifama yoo gaafate eergasii booda akkaataan miidiyaan kana walharkaa fuudhan maalif barbaachise?'' jechuun gaafatu. Kanaafis, ''Amma maaltu ta'aa jira yeroo miidyaan tokko dogongoru inni 'screen shot' godhanii waan jiruf baay'ee of eeggachuun barbaachisa,'' jechuun dhaamu. Kanaaf, falli mirkaneessanii gabaasuun akka barbaachisu dhaamu. Sababni gabaasa oduu sobaa fuula Fesbuukii Waaltaa irratti bahe kan qoratamaa jiru yoo ta'u namoota hojii kanatti hidhata qabu jedhamani shakkaman afur dhaabbatichi hojiirraa dhorkeera. Dhimma oduu sobaa gabaasuun walqabatee furmaanni jarjarsuun gabaasurra suuta qulqulleeffatanii gabaasuun fala akka ta'u Yunivarsiitii Finfinneetti barsiisaa Onlaayin Joornalaizimii kan ta'an Barsiisaa Eliyaas Warquu ni dubbatu. ''Dursani baasanii waan hin mirkanoofne gabaasurra, takka obsanii oeeffannoo amanamaa kennuu wayya.'' Dhimmi biroo miidiyaaleen biyya keessaa itti himataman keessaa tokko kan ta'e mirga abbeentaadha. Gabaasaalee akkasumas suuraafi viidiyoo baka biraatii fuudhun abbichaaf beekkamtii kennuu dhabun yeroo akka ofiitti gabaasan ni mul'ata. Gaazexessaa Eliiyaas Masaratillee kanuma hubachuu hima. ''Kuni miidiyaa dhuunfaafi mootummaa irratti rakkoo bal'inaan mul'atudha. Intarneeta yookiin miidiyaa hawaasummaa gubbaa suuraa yookiin viidiyoo akka ofiitti fayyadamuun ni jira.'' Gama kaaniin, OBN fuula Fesbuukii isaa Afaan Oromoo irratti suuraa Ministirri Muummee Abiy Ahimad Nobeelii badhaafaman mirga abbentaa osoo hin kenniin maxxanse jennaan rakkoo seenee ture.
Dhimma kana irratti kan gaafanne Daarektarri I/Aanaa OBN Obbo Bojaa Gabbisaa kanuma mirkaneessu. ''Suuraa Dr Abiy badhaasa Nobeelii fudhatani sani. Suuraa san kan hojjeechisiise immoo nuyi miti,'' jechuun mirga abbentaa malee maxxanfamuu isaa himu. Sababa kanaanis, torban tokkoof fuula Fesbuukii isaanii kan Afaan Oromoo irratti maxansuun akka hin danda'amne himan. Kan isaan adabe immoo dhaabbata Fesbuukii akka ta'e dhaaman. Yeroo kuni ta'u garuu kuni kan duraa miti. Kana durallee sababoota garaa garaan akeekkachiisi itti barreeffame akka ture yaadatu. Kanaaf akka falaatti of eeggannoon akka taasifamuu qabu akeeku. Yoo fayyadamanis mirga abbeentaa kennuun akka barbaachisu dhaamu. Rakkoo Waaltaa mudate booda dhaabbatichi lakkoofsa namoota fuula Feesbuukii dhaabatichaa to'atan akka hir'ise gabaafamus, dhabbatichi garuu kana irratti ibsa kennuu hin feene. Obbo Abbabaan akka jedhanitti rakkoon kuni gaafa xumurame ummataaf ifa godhu. Rakkoo mudate ogeeyyonni dhaabbata Eejansii nageenya Odeeffannoo [INSA] irraa dhufanii akka qorataa jiran himan. Gaazexessaa Eeliyaas Masarat immoo namoonni fuula Fesbuukii dhaabbilee to'atan baay'achuun rakkoof saaxiluu akka danda'u amana. Yaada kana irratti garuu Obbo Ababeen waliin galan. Erga rakkoon jiraateefi dhaabbileen akkasumas kanneen dhiheenyatti hordofan erga dubbatanii booda wanta fala ta'u kaa'un barbaachisa. Rakkoon rakkoo hubannoo erga ta'e rakkoon kunis deeggarsa kennuun akka furamu danda'u himu akka ta'e himu Obbo Ababaan. ''Miidiyaa hawaasummaa irratti miidiyaaleef leenjin kennamuu qaba. Kuni waan bu'uuraati,'' jedhan. Obbo Bojaanis yaada kanaan walii galu. Keessumaa, miidiyaalee idil -addunyaa kanneen akka BBC fi kaan irraa muuxannoo qooduun osoo jiraate fala ta'u akka danda'u himu.
Keessumaa, miidiyaalee idil -addunyaa kanneen akka BBC fi kaan irraa muuxannoo qooduun osoo jiraate fala ta'u akka danda'u himu. Haa ta'u malee, hanqinni hubannoo gama dijitaalaa miidyaalee keessa qofaa osoo hin taane dhaabbilee barnoota olaanoo keessattille hanqinni qabiyyee barnootaa dijitaalaa akka jiru eeru barsiisaa Eliyaas. ''Gama pirofeshinaalaafi gama akkaadaamikii yoo ilaalle dhimma kanaan ganaa jalqabbiirra jirra,'' jedhan. Miidiyaa hawaasummaa irratti hanqinni hubannoo jira isa jedhaniifis furmaanni leenjiifi deeggarsa garaa garaa taasisuu akka ta'e BBC'tti himaniiru.
Barreeffamni gabaabduu Twitter irratti maxxanfamte gatii kampaanii doolara biliyoona 14n hir'iste Hundeessaa kampaanii konkolaattoota jabanaa elektirkiin deeman oomishuu beekamuu Tesla ka tahe Elon Mask ergaan gabaabduu Twitter gubbaa maxxanse gatii isa kaffalchiise. Barreeffamni kun gabaabduu taatus, maallaqa doolara Ameerikaa biliyoonatti lakka'amu dhabsiisutti jira - gatii dhaabbata isaa doolaara biiliyoona 14 hiri'se. Kana duwwaas miti Aabba Mask aksiyoona dhaabicha keessaa qabu gatiinsaa biiliyoona sadiin jalaa hir'iseera. Tujaarri kun Twitter gubbaa bahuun barreeffamoota gaggabaaboo walitti fufinsaan baase - invastaroonnis kanaan nahuun, kaampaanicha keessaa babbahan. ''Gatiin asksiyoona Teslaa garmalee olkahe,'' jedhee maxxanse ergaa tokkorratti. Yeroo kaan ammoo qabeenyaa qabu mara gurgurachuuf murteesseera jedha. Ammas itti dabaluun jaalalleen koo natti arteetti kan jedhuufi kaanis walirra daddabaluun baase. Elon Mask waan akkanaa wayita dalagu kun yeroo jalqabaaf miti. Bara 2018tti keessa akkasuma Twitter gubbaa bahuun waa'ee egeree Tesla gabaa aksiyoonaa Niiw Yoork irratti dubbiin barreesse, doolaara miiliyoona 20 adabsisee ture. Kanaanis wanti amma booda tujaarri kun barreessu hundi maaxanfamuu isaaniitiin dura abukaatoo isaatiin dursa akka ilaalamu waliigalee ture. Barruun Wall Street Journal dureessa kanaan gatii kaampanicha ilaalchisuun barreefamni maxxansite qoosaamoo dhuguma? jechuun mirkaneeffachuu gaafate. Sooressi kunis ’lakkii dhugumaa’’ jedhe dubbateera. Gatiin kaampanii Tesla ol dabalaa ture - oomishaan konkolaattota elektrikaa kun gatiinsaa doolaara biiliyoona 100tti tilmaamama. ''Barreeffamoota Mask kanneen akka qoosaatti fudhanna - sababiin isaas Elon, Elon waan taheef. Kun garuu ifumatti invastarootaaf dhukkubbii mataati.
Kun garuu ifumatti invastarootaaf dhukkubbii mataati. Tiwiit gochuun ammas dubbii walfamisiisaadha. Hawaasni aksiyoona daldaluu kanaan aareera,'' jedha xiinxalaa Daniel Ives jedhamu. Jalqaba torban kanaatti Aabba Mask hordoftoota isaa miiliyoona 33.4 tahaniif, sababa weerara Covid-19f murtee mana keessa turuu Ameerikaa haalaan qeeqee barreesseera. Bara dabre keessaa barreeffama maxxanseen mana murtii dhiyaateera. Tujaarri kun qabeenyasaa gurguruuf murteesse keessaa manni isaa tokkodha. Manni kun kan taatoo fiilmii beekamaa Gene Wilder kan ture wayita tahu, 2013tti bite.
Eriik Zemoor: Kaadhimamaan pirezidantii Firaans duula jalqabaa gaggeesseen hiriirtotaan miidhaan irra gahe Kaadhimamaan pirezidantii Firaans kan garee siyaasaa warra leellistummaan beekamanii (Far-right) Eriik Zemoor duula yeroo jalqabaaf gaggeessuuf bahe keessatti hiriirtotaan haleelame. Kaadhimamaan pireziantii Firaans kun hiriirtoota keessaa namni tokko utaalee morma qabuun asiifi achi bubbutuun miidhaa irraan gahe. Kaadhimamaan pirezidantii umuriin isaa waggaa 63 ta'e kun osoo ummata hedduu wal muddee jiruu keessa dhiibee gara waltajjiitti bahaa jiruu ture, namni tokko morma qabee bute. Kun kan ta'e hanga qondaalonni nageenya gidduu seenanitti ture. Miidiyaan biyya keessaa akka gabaasanitti, mudhii isaarra miidhaan waan gaheef doktaroonni isaa boqonnaa guyyoota sagalii akka fudhatuuf ajajeera. Eriik Zemoor kanaan dura gaazexeessaafi xiinxalaa beekamaa kan ture yoo ta'u, dhimmoota akka godaantotaafi Waraana Addunyaa Lammaffoo ilaalchisuun yaadawwan falmisiisoo ta'an kaasuun beekama. Eriik Zemoor shakkii torbanootaaf tureen booda filannoo pirezidaantummaa Firaans bara 2022 keessa gaggeeffamurratti kaadhimamaa ta'ee akka dhiyaatu Kibxata darbe ifatti beeksise. Taateen Eriik Zemoor irrattti haleelame kun walitti bu'iinsawwan hedduu qophii Dilbata galgalaa kaaba-baha Paarisitti qophaa'erratti mudatan keessaa tokko ture. Namoonni 10,000 hiriira kana irratti akka hirmaatan himamaa jira. Mormitoonni kuma hedduutti lakkaa'aman ammoo garee siyaasaa warra leellistootaa jedhaman kana mormuun guutummaa biyyattii keessatti hiriira kan bahan sagantaa ture irratti mormii dhageessisuun kanneen qaama nageenyaan hidhamanis jiru. Eriik Zemoor akkuma qaqqabeen ture bakka namoonni baayyatanii jiran keessaan goree gara waltajjiitti darbuuf osoo jedhuu kan haleelame.
Eriik Zemoor akkuma qaqqabeen ture bakka namoonni baayyatanii jiran keessaan goree gara waltajjiitti darbuuf osoo jedhuu kan haleelame. Dubbi himaan paartii isaa gaazexeaa Le Figaro jedhamutti himannaa akka banuuf jiran himan. Kana malees, dubbi himaan kun "cimina" Eriik Zemoor jajataniiru. Taatee isa mudate kanaan booda kaadhimamaan kun waltajjiitti ba'uun haasaa taasisuu itti fufaniiru. Akkuma inni waltajjiirratti haasaa taasisuu jalqabeenis, deeggartoonni isaa teessuma kaasuun mormitoota T-Shartii dhaadannoo farra sanyummaa qabu uffatanitti daddarbatan. "Yoo ani filannoo kana mo'adhe, callisaa aangoo marsaa biraan walitti dabarsuu qofa hin ta'u. Biyyattii guddoo kana addunyaarratti bakka isheef malutti deebisuudha malee," jechuun dubbate.
Erdohaan lammiileen isaanii meeshaalee Firaans akka lagatan dhaaman Pireezidantiin Tarkii Rasiip Tayiib Erdohaan lammiileen isaanii meeshaalee Firaansitti omishaman akka lagatan gaafatan. Erdohaan gama televisiyoonaan ergaa kana kan lammiilee isaaniif dhaaman mootummaan Firaans ''finxaaleyyii islaamaa'' irratti ejjennnoo jabaa akka fudhatu ibsuu sababeeffachuuni. Ergaa isaanii kanaaniis ''Musliimota biyya Firaans jiran irratti cunqursaan hin gaha yoo ta'e'' aanga'ootni addunyaa eeggannoo akka godhiif gaafatan. Hariiroo biyyoota lameenii akka hammaatu sababa kan ta'e barsiisaan Fireens daree keessatti fakkii Nabiyyuu Mahammaad qoosaaf kaafame(cartoon) agarsiisuu isaaf ajjeefamuu isaati. Firaans fakkiiwwan qoosaaf kaafaman 'Cartoon' kaasuu hin dhiiftuu jedhan Maakroon. Fakkii Nabiyyuu Mahaammad qoosaaf kaasuun amantaa Islaamaa keessatti safuu yoo ta'u, hordoftoota amantichaas hedduu oriisisa. Mootummaan Firaans ammoo wantoota ta'an hunda amantaa irraa bilisa ta'anii ilaaluun tokkummaaf gaariidha jedhee amana. ''Meeshaalee Firaansiin omishamaniif gatii hin kenniinaa, hin bitiinaa'' jedhanii, ''hoogganoonni Awrooppaas Pireezidantiin Firaans duula jibbinsaa isaanii akka dhaaban itti himuu qabuu'' jedhan Erdohaan ibsa isaanii Wiixataan. Ajjeechaan hariiroo biyyoota lameenii hammeessuuf sababa ta'e dhalachuu isaa torban lama duras Maakroon amantaa Islaamaan amantaa rakkoo keessa jiru jechuun ibsanii turan. Itti dabaluunis finxaalessummaa Islaamaa "Islamist separatism" jechuun ibsan irratti tarkaanfii akka fudhatan himaniiru. Lixa Awrooppaatti biyya hanga Firaansa hordoftoota amantaa musliimaa hedduu qabu hin jiru. Yaada Maakroon kanaan Erdohaan nama jalqabaa mufii isaanii ibsan miti. Ministirri Muummee Paakistaan Pireezidantichi Islaamummaa lolaa jiru yaada jedhu kennaniiru.
Ministirri Muummee Paakistaan Pireezidantichi Islaamummaa lolaa jiru yaada jedhu kennaniiru. Kuweet, Joordaaniifi Qataaritti ammoo meeshaaleen Firaansitti omishaman bakka gurgurtaatii kaafamaniiru. Liibiyaa, Siiriyaafi Hulaa Gaazaattis hiriirri mormii gaggeefameera. Erga yaadni Tarkii dhagaahamee ammoo mootummaan Jaramanii deeggarsa Maakrooniif qabu ibseera. Firaansiifi Tarkiin miseensa 'Nato' yoo ta'an Armeeniyaafi Azerbaajiyaan giduutti lola dhalate hordofee lameenuu garee faallaa deeggaruun hariiroo isaanii hammeesseera. Liibiyaattis akkasuma qaamota garaagaraa deeggaruun faallaa walii dhaabataniiru. Baha Meditiraaniyaanii bakka madda walmorkii ta'etti barbaacha gaasiifi bobaa Tarkiin gaggeessiturrattis Firaansi waliin waldhabdeen jira. Waldhabdeen kun Firaans hanga jeettii waraanaa naannichatti ishee gaheera.
Barruu Chaarli Hebdoo: Kaartuniin Erdohaan Faransaayitti maxxanfame Turkii mufachiise Turkiin kaartunii Pirezidantii biyyattii Rejeb Xaayib Erdohaan barruu Faransaay Chaarli Hebdoorra baheen tarkaanfii ''seeraafi dippilomaatikii'' akka fudhattu beeksiste. Kaartuniin pirezidantichaa bahe yeroo Erdohaan dubartiirraa qoloo yoo irraa fuudhan agarsiisa. Miidiyaan mootummaa biyyattii akka gabaasetti abbootiin alangee barruu Faransaay irratti qorannoo eegalaniiru. Erga Pirezidantiin Faransaay Imaanuel Maakron finxaalessummaa Islaamummaa irratti tarkaanfii cimaa akka fudhatan beeksisan booda biyyoota lamaan gidduu muddamni dhalateera. Erdohaan lammiilee biyya isaaniitin oomishoota Faransaay akka lagatan ergaa dabarsanii turan. Dabalataan, pirezidantiin Faransaayif ''qorannoo sammuu'' taasisuu qabu jedhan. Erga barsiisaan Faransaay kaartunii Nabiyyuu Mohaammad agarsiiseefi qalamuun ajjeefame booda Maakroon amantiifi mootummaa adda baasuurratti cimsanii akka hojjetan ibsaniiru. Ilaalchi amantiifi mootummaa agargari dda jedhu bu'uura eeyyummaa Faransaayidha. Hawaasa tokko eeguuf jecha mirga of ibsuu ugguruun tokkummaa miidha jedha mootummaan biyyattii. Kaartuniin Erdohaan bulchiinsa mootummaa Turkii keessa mufii uumeera. Daarektarri kominikeeshinii Pirezidantichaa Fahretin Altuun :'' Chaarli Hebdoon kaartunii qaanessaa pirezidantii keenya fakkaatu maxxanseera. ''Maxxansa sanyummaa aadaafi jibba facaasuuf maxxanfame kana balaaleeffanna,'' jedhan. Pirezidantiin Itti - aanaa Fuwaat Oktay gama isaaniin balaaleeffatanii hawaasi idil - addunyaa ''hojii qaanessaa'' jedhan kana akka balaaleeffatu waamicha taasisan. ''Mirga walabummaa yaadaa jala dhokachuun eenyunu gowwomsuu hin dandeessu,'' jechuun tiwiitara gubbaa barreessan. Maxxansa Chaarli Hebdoof akka deebiitti barruun mootummaa Turkiitti hidhata qabu, Misvaak, Imaanu'el Maakroniifi Chaarli Hebdoo qeequun kaartunii hedduu maxxanse.
Maxxansa Chaarli Hebdoof akka deebiitti barruun mootummaa Turkiitti hidhata qabu, Misvaak, Imaanu'el Maakroniifi Chaarli Hebdoo qeequun kaartunii hedduu maxxanse. Barruun Chaarli Hebdoo dubbii falmisiisaa yoo kaasu kan duraa miti. Bara 2015, waajjira barruu kanaa magaalaa Paaris jirutti namoonni 12 ajjeefamaniiru. Finxaalessitoonni Islaamummaa kan irratti xiyyeeffatan erga kaartunii Nabiyyuu Mohaammad maxxansee boodadha. Waggaadhuma sana sababa kaartunii namoonni balaa xiyyaaraa Sinaayin ajjeefaman ibseef Raashiyaan barruu kana qeqxeetti. Balaa namoota 224 galaafate keessaa garri caalu lammiilee Raashiyaa turan. Bara 2016, kaartuniin dhoohinsa volkaanoo Xaaliyaaniin dhumanii ibsuuf dalagees akkasuma mufii uumee ture.
Gaamtaan barattootaa "gochi barataa kanaa maallaqa rakkachuu qofatti xiqqeeffamuu hin malu" jedheera.
Maatiin namoonni jalaa dhabaman, kan abbaan warraa irraa du'e dabalatee akka haaraatti akka barbaachdamu gaafatanii booda ture barbaacha yeroo hedduu hin milkaa'iin hafeen booda akka haaraatti barbaacha jalqabameen kan milkaa'e.
Lammiin Afrikaa kibbaa tokko ''Gaazexessituu moo Komeediyaaniidha'' jechuun gaafatee, siifin gadda Siiril jedheera.
'Bishaan baachuurraa' hanga Waancaa Adunyaarratti seenaa hojjechuutti-Leenjisaa Faransaay Bara 1998 taphataa tahee Waancaa Adunyaa biyya isaanii faransaay waliin mo’ataniiru. Bara 2018 ammoo leenjisaa garee biyyaalessaa Faransaay tahuun Waancaa Adunyaa mo’atan. Bara 2022 xumura Waancaa Adunyaa Kaataariif Arjentiinaa waliin falmatu.-Leenjisaa Faransaay Diidee Diishoo. Faransaay Dilbata boruu yoo waancaa Adunyaa mo’atan erga bara 1938 as leenjisaa jalqabaa tahuu isaaniiti. Faransaay ammoo erga Biraazil walitti aansuun bara 1962 Waancaa Adunyaa mo’attee biyya jalqabaa shaampiyoonummaa ishee kabachiifatte taati. Leenjisaan Faransaay Diidee Diishoon yoo waancaa kana mo’atan tapha xumuraa isaanii tahuu mala. Dilbata garee Arjentiinaa Liyonel Mesiidhaan onnachiifaman waliin taphatanii yoo mo’amanillee seenaa kubba miilaa Faransaay keessatti akka taphataa fi leenjisaatti maqaa addaa horataniiru. Diidee Diishoon Faransaay, Xaaliyaanii, Ispeenii fi Ingilaandi keessa kileboota adda addaaf taphataniiru. Sarara ittisaa fuuldura kan taphataa turan Diishoon taphataa jabaa turan. Garuu namootni baay’een taphataa dinqisiifatan hin turre. ‘’Diishoon kan milkaa’eef waan qabu 100% waan kennuuf. Garuu nama bishaan baaturra kann darbe homaa nama tahuu hin dandeenye ture. Taphataa akka isaa daandiirra ijoollee taphattu keessaayyuu argatta’’ jedhe Erik Kaantoonaan gaaffiif deebii bara 1996 kenne irratti. Kaantoonaa fi Diidee Diishoon Faransaayiif waliin taphataa turan. Diidee Diishoon bara 1993 fi 1996 Waancaa Shaampiyoonsi Liigii mo’ataniiru. Garuu akkas jedhan ‘’ijoollee daandii irra taphattu Waancaa Shaampiyoonsi Liigii lama mo’atte meeqa argatta?’’ Bara 2001 yeroo soorama bahu, xumura Waancaa Shaampiyoonsi Liigii afur irratti taphateera.
Waancaa shan [Maarsee waliin lama, Juuvantas waliin sadii] mo’ataniiru. Akkasumas Coppa Italia, Juvantas waliin, Chelsii waliin ammo FA Cup injifataniiru. Biyya isaanii Faransaayiif yeroo 103 hiriiranii taphataniiru. Bara 1998 yeroo Faransaay Waancaa Adunyaa mo’attu dursaa taphattootaa turan. Waancaa Awurooppaa bara 2000 yeroo mo’atanis akkasuma. Miiltoo Diidee Diishoo kan turan Maarsel Diisaalii dookumantarii BBC Akkamiin Waancaa Adunyaa mo’atu, jedhu irratti;: ‘’Diidee Dishoo dursaa gareekoo hundaa ture.Gaggeessaa uumamaan dandeettii guddaa qabu tahuu irraa argita,’’ jedhe. Hojiin leenjisummaa isaanii Moonaakoo, Juvantas, Maarsee keessatti erga dabarsanii booda leenjisaa garee biyyaalessa Faransaay tahuun bara 2012 muudaman. Bara 2005 xumura gahanii erga mo’amanii booda Faransaayiif barri 2010 inumaa hamaa ture. Tapha tokkollee osoo hin mo’atiin haftee garee ishee keessaa dhumarra tahuun xumurte. Leenjisaa yeroo Sanaa Raymoondi Doominiikii fi taphataan Faransaay yeroo Sanaa Nikoolaas Aneelkaan wal dhabnaan taphattootni shaakala hojjechuu didan. Yeroo kana akkuma Diidee Diishoo Waancaa Adunyaa kan Faransaayiif taphachuun mo’atan Looren Bilaa leenjisaa Faransaay tahan. Garuu Faransaay nuusa xumuraa irratti Ispeeniin mo’amnaan isaanis gadhiisan. Yeroo kana ammo hiriyaan isaanii Diidee Diishoon hojicha harkaa fudhatan. Milkaa’inaaf nama yeroo hundaa kutatanii hojjetan jedhamuun beekamu. Ergasii Faransaay nuusa xumuraa Waancaa Adunyaa Biraaziliif geessee baricha Shaampiyoonaa kan taate Jarmaniin mo’amtee keessaa baate. Bara 2016 yeroo Faransaay Waancaa Awurooppaa qopheesite xumuraaf gahanii Poorchugaaliin mo’amuun waancaa dhaban.
Bara 2016 yeroo Faransaay Waancaa Awurooppaa qopheesite xumuraaf gahanii Poorchugaaliin mo’amuun waancaa dhaban. Waggaa lama booda Raashiyaatti Waancaa Adunyaa harkaan gahatan. Ammas Kaataar irratti itti aggaamaa jiru. Diidee Diishoon maqaa nama dhuunfaa caalaa cimina garee irratti xiyyeeffatu. Waancaa Adunyaa Kaataar irratti taphattootni Faransaay jajjabaoon akka Kaarim Beenzeemaa, Nigooloo Kaantee, Pool Poogbaa, Kiristoofer Inkuukuu fa’aa miidhamanii hafan. Isaan taphattoota qaban fayyadamuun akka gareetti ijaaranii cimsuun xumura Waancaa Adunyaaf dhaqabsiisa.
Iraan mallattoo 'Allah' jedhu alaabaa koorraa kaaste jechuun Ameerikaatiin FIFA'tti himatte Dorgommii Waancaa Addunyaa Qaataaritti gaggeeffamaa jiruun Iraan fi Ameerikaan Kibxata dhufu waliin taphatu. Biyyoonni dirree siyaasa addunyaa irratti waliif masaanuu ta’an kun osoo dirree kubbaa miilaa irratti wal hin morkatiin guyyaa lama dursee Federeeshiniin kubbaa miilaa Iraan garee biyyaa keessaa Ameerikaa FIFA irratti himateera. Himannaaf sababa kan ta’e ammoo alaabaa Iraan gareen kubbaa miilaa Ameerikaa miidiyaa hawaasummaa isaarratti baaseen walqabateeti. Gareen kubbaa miilaa Ameerikaa alaabaa Iraan irraa mallattoo 'Allah' kan faajjii Islaamiik Rippabliik Iraan mul'isu irraa balleessuun maxxanse jechuun himate Federeeshiniin kubbaa miilaa Iraan. Kibxata borii osoo dirree dorgommii Waancaa Addunyaa irratti waliif bahuuf qophiitti jiranii gareen biyyaalessaa Ameerikaa fuula Twitter, Facebook fi Instagram isaarratti alaabaa Iraan maxxanserratti mallattoo biyyattii irraa kaaseera. Ameerikaan himata kanaaf deebii kenniteen, Iraan keessatti mormiiwwan mootummaa irratti gaggeeffamuun walqabatee “dubartootaa Iraan keessatti akka mirgoonni bu’uuraa kabajamaniif qabsaa’aa jiraniif deeggarsa qabnu ibsuudhaaf” alaabaa biyyattii ifatti beekamu fayyadamuu dhiisuuf akka murteessite ibsiteetti. Iraan keessatti shamarreen umurii waggaa 22 Maahisaa Amiinii jedhamtu hijaaba sirnaan hin uffanne jechuun Poolisii Naamusaa biyyattiin qabamtee booda du’uu ishee hordofee mormiin dhalate itti fufee jira. “Gocha safuu ogummaa hin eegneen, fuulli Instagram Federeeshiniin Kubbaa Miilaa Ameerikaa mallattoo Allaah alaabaarra jiru balleesseera,” jechuun maddi oduu mootummaa Iraan IRNA gabaaseera. Kana hordofee ammoo, “Federeeshiniin Kubbaa Miilaa Iraan qaama olaanaa kubbaa miilaa addunyaa bulchu, FIFA'n Federeeshinii Kubbaa Miilaa Ameerikaatti akeekkachiisa cimaa akka itti kennuuf ergaa imeelii ergeen gaafateera.” Boodarra dubbi-himaan Federeeshinii Kubbaa Miilaa Ameerikaa akka jedhetti, fakkiin alaabaa komiin irratti dhiyaate dirree miidiyaa hawaasaarraa akka kaafamu taasisuun bakka isaa ammoo alaabaan Iraan inni sirriin akka maxxanfamu godhamuu ibseera.
Kana hordofee ammoo, “Federeeshiniin Kubbaa Miilaa Iraan qaama olaanaa kubbaa miilaa addunyaa bulchu, FIFA'n Federeeshinii Kubbaa Miilaa Ameerikaatti akeekkachiisa cimaa akka itti kennuuf ergaa imeelii ergeen gaafateera.” Boodarra dubbi-himaan Federeeshinii Kubbaa Miilaa Ameerikaa akka jedhetti, fakkiin alaabaa komiin irratti dhiyaate dirree miidiyaa hawaasaarraa akka kaafamu taasisuun bakka isaa ammoo alaabaan Iraan inni sirriin akka maxxanfamu godhamuu ibseera. Haata’u malee, “ammas taanaan dubartoota Iraan nii deeggarra,” jedhe. Iraan mormii biyya ishee keessatti dhalateen walqabatee Ameerikaafi biyyoota biroo masaanotashee ta’an mormichi akka daran hammaatuuf gochaa jiru jechuun himachaa kan jirtu yoo ta’u, tarkaanfii mootummaan Iraan mormitoota irratti fudhachaa jiruun walqabatee Ameerikaan aanga’oota biyyattiirra qoqqobbii keesseetti. Waancaa Addunyaa 2022 Qaataar kanaan ramaddii B keessatti Ingiliiz, Ameerikaafi Weels waliin kan ramadamte Iraan qabxii sadii qabachuun Ingiliizitti aanuudhaan ramaddicha keessatti sadarkaa lammaffaarra jirti. Ingiliiziin 6-2 mo’amtee Weelsiin ammoo 2-0 kan mo’atte Iraan, tapha murteessaa garee ishee kanaa ammoo Kibxata boruu Ameerikaa waliin taphatti.
'Kataar Waancaa Addunyaa akka qopheessitu eeyyamuun dogoggora'-Pireezidantii Fifa duraanii Pireezidamtiin Fifa duraanii Seep Bilaatar Waancaa Addunyaa bara 2022 Kataar akka qopheessitu murtaa'uun isaa dogoggora ture jedhan. Maanguddoon ganna 86 Bilaatar, waggaa 12 dura jechuunis bara 2010'tti qopheessituun Waancaa Addunyaa bara kanaa Kataar yeroo filatamtu pireezidantii Fifa, jaarmiyaa kubbaa miilaa addunyaa bulchuu turan. Biyyi Galoo Galaanaa kun ejjennoo jaalala saala walafakkaataa gidduu jiru, qabinsa mirga namoomaa fi qabinsa warra hojiif godaananiirratti ni qeeqamti. Bilaatar yeroo murteen darbu san ''garas deemuun irra hin jiru'' jechuun mormuun isaanii sirrii akka ture dubbatan. Maanguddoon lammii Siwiiz, Bilaater yaada kana kan kennan sagantaa raadiyoo BBC tokkoof ture. Gaafiifi deebii gaazexaa biyya Siwiiz Tages Anzeiger jedhamu waliin gaggeesaniin ammoo Kataar ''biyya baayyee xiqqoodha, kubbaan miilaafi Waancaan Addunyaa ammoo akkaan itti guddata'' jedhaniiru. Waancaan Addunyaa guyyoota 10 booda Kataaritti eegalamu seenaa dorgommii kanaa waggoota 92 keessatti yeroo duraatiif biyya gidduugala Bahaa keesssatti kan gaggeefamu ta'a. Dorgommiin kun waqtii cabbaa'aa biyyoota Hemisfeera Kaabaa keessa argamanitti yeroo gaggefamus kun isa jalqaaati. Dorgommichi Sadaasa 20 hanga Mudde 18'tti gaggeefama. Murteen carraa dorgommii kana keessummeessuu Kataariif kan kenname miseensota koree hojii raawwachiiftuu Fifa 14 irraa deeggarsa, saddeet irraa ammoo mormii argateen Yunaatiid Isteets caaluun ture. \nBaruma 2010 Raashiiyaan ammoo isa bara 2018 akka qopheessitu carraa argatte.
\nBaruma 2010 Raashiiyaan ammoo isa bara 2018 akka qopheessitu carraa argatte. \nBilaatar bara Kataar filatamte isaan pireezidanti ta'aanii sagalee isaanii kan kennan US'f akka ture dubbatanii, pireezidantii qaama kubbaa miilaa Awurooppa bulchuu kan turan Misheel Pilaatiiniitu sagaleen gara Kataar akka goru godhee jedhaniiru. ''Filannoo badaadha akka pireezidantii yeroo sanaatti gaafatamaan anadha.'' ''Galatni Pilaatiiniifi garee isaaf haa ta'uutii kunoo Waancaan Addunyaa Yunaatiid Isteets dhiisee Kataaritti deeme'' jechuun cigoon dubbatan. Murtee bara 2010 kana hordofee ulaagaa biyya dorgommii kana qopheessitu filachuuf dhiyaatu irratti fooyya'insi godhamuu himaniiru. ''Ergasii dhimmoota hawaasummaa ilaalcha keessa galchuun dhimmi mirga namoomaas ni ilaalama.'' Bilaatar pireezidantii Fifa ta'uun waggoota 17'f kan tajaajilan yeroo ta'u bara 2015'ti ture doolaara miiliyoona 2.19 seeraan ala Misheel Pilaatiiniif dabarsuun walqabate kan aangoorraa akka bu'an ta'e. Sababuma kanaan jalqaba irratti waggoota saddeetiif dhimma kubbaa miilaa keessa akka hin galle dhorkamanii booda adabbiin kun waggaa jahatti gadi siiqeefiira. Boodas ittiin bulmaata Fifa cabsaniiru jedhamuun ammoo hanga bara 2028'tti kubbaa miilaa keessatti akka hin hirmaanne dhorkamaniiru. Pilaatiiniif Bilaater waliin dhahuun himatamanii manni murtii Siwiizarlaand bilisa isan godheera. Murteen bara 2010'tti waancaa Addunya bar 2018 Raashiyaan, kan bara 2022 ammoo Kataar akka qopheessitu darbes malaammaltummaa fi waliin dhahuun kan guute jedhamees himannaan irratti dhiyaatera.
Waancaan Addunyaa 2022 yoom gaggeeffama, Qaataar akka qopheessituuf maaliif filatamtee? Dirreefi bakkawwan taphoonni Waancaa Addunyaa 2022 Qaataar qopheessaa jirtu itti gaggeeffaman filatamaaa jiru. Istaadiyeemonni qophaa'an kam fa'i? Ho'iifi haalli qilleensaa Qaataar taphaaf hangam mijataa ta'a? Qophiin taphattootaafi keessummoota simachuuf taasifamu ammoo maal fakkaata? Waancaa Addunyaa 2022 kana wanti adda taasisu tokko biyya Baha Giddu-galeessaa keessatti qophaa'uun isaa kan jalqabaa ta'uu isaati. Wanti biraan ammoo ji'a/baatii inni itti gaggeeffamu jijjiiramuu isaati. Kanaan dura taphni Waancaa Addunyaa ji'a Waxabajjiifi Adoolessa keessa gaggeeffama ture. Waancaan Addunyaa 2022 garuu seenaa dorgommii ispoortii guddaa addunyaa kana keessatti yeroo jalqabaatiif Sadaasaafi Mudde keessa gaggeeffamuuf jira. Kun ammoo sababa haalli qilleensaa Qaataar ji'oota Waxabajjiifi Adoolessa keessa baayyee ho'aa ta'eefidha. Kanaafis ture dorgommii kana Qaataar akka qopheessituuf murteessuun baayyee falmisiisaa ture. Sagantaa bahee jiruun Sadaasa 21 hanga Mudde 18tiitti gaggeeffamuuf jira. Yeroo kanatti ammoo ho'i Qaataar keessaa yeroo hedduu 25C (77F) ta'a. Waancaan Addunyaa 2022 kun akkuma duraan baratameen osoo ji'a Waxabajjiifi Adoolessa keessa gaggeefameera ta'e ho'a 40C caaluu danda'u yookaan ammoo hanga 50C ta'uu danda'u keessatti gaggeeffama ture. Kun ammoo hangam akka rakkisaa ta'e hubachuun salphaadha. Qaataar duraan ji'uma duraan baratame keessatti isteediyeemota cufaa tekonooloojiin qilleensa ittiin qabbaneessan (air-conditioned) tolfamee qopheessitee akka gaggeeffamuuf yaada dhiyeessitee turte.
Boodarra garuu karoorri kun osoo hin fudhatamiin hafee aanga'oonni dhimmi Waancaa Addunyaa ilaallatu ji'a taphaa jijjiiran. Baatiiwwan Sadaasaa fi Mudde kilaboota kubbaa miilaa Awurooppaatiif yeroo hedduu itti ko'oommtanidha. Ko'uma kana keessatti taphattoonni tapha Waancaa Addunyaa 2022 kanaaf biyya isaaniirraa gara Qaataar 2022 deemuun ammoo qaawwa uumuun isa awaan hin oolledha. Kanarraa kan ka'eenis, liigiiwwan biyyoota Awurooppaa kan akka Piriimer LiigiiIngilaand, Serie A Xaaliyaan fi La Liga Ispeen fa'i dorgommii idil-addunyaa kanaaf jecha torban tokkoof butanii jalqabuuf dirqamu. Qaataar bara 2010 ture Waancaa Addunyaa 2022 akka qopheesituuf sagalee miseensota hoji-raawwachiiftuu FIFA 22 argattee kan mirkaneeffatte. Yeroo sana biyyoota akka USA, Kooriyaa Kibbaa, Jappaan fi Ausstiraaliya adorgomtee mo'atte. Dorgommii Waancaa Addunyaa qopheessuudhaaf biyya Arabaa jalqabaas taateetti Qaataar. Qaataar carraa Waancaa Addunyaa 2022 qopheessuu argachuudhaaf matta'aa aanga'oota FIFAtiif $3.7m kenniteetti jechuun himatamaa turte. Kana hordofees FIFA irratti qorannoon waggaa lamaa banamee gaggeeffamaa tureera. Garuu isaan booda FIFAn murtee dogongoraa taasiseera jedhamaa ture. Pirezidantii FIFA kan ture Mr. Bilaatar yeroo ammaa kanatti yakka waliin dha'uu, horii qisaasuufi malaammaltummaa birootiif qoratamaa jira. Inni garuu himannaa irratti dhiyaate kana ni waakkata. Gama biraan ammoo Qaataar hojjetoota biyya alaa dhaabbileen Waancaa Addunyaaf barbaachisan ijaaran haala hin malleen qabataa jirti jechuun jaarmiyaaleen idil-addunyaa mirgoota namoomaaf falman akka Amiistti Internaashinaal fi Huumaan Raayitis Waach irraa mormiin mudachaa jira.
Taphni gulaallii Waancaa Addunyaa 2022 waggoota sadii dura jalqabe. Gareewwan ardii gara garaa irra jiran ramaddii gara garaa keessatti erga taphataniin booda warri tokkoffaa ta'an darbanii kaan ammoo irra deebiin taphachuun adda baafamu. Waancaa Addunyaa 2018 kan mo'atte Firaans Waancaa Addunyaa 2022f darbteetti. Shaampiyoonaa Awurooppaa yeroo ammaa kan taate Xaaliyaan garuu osoo hin darbiin hafteetti. Dhuma irratti, gareen biyyoota 32 garee saddeti biyyoota afur afur of keessaa qabutti ramadamu. Gareewwan ardii tokko irraa dhufan ammoo akka waliin hin ramadamneef taasifama. Kun garuu biyyoota Awurooppa irraa dhufaniif hin hojjetu, sababiin isaa ammoo ardii kana irraa baayyee waan ta'aniif carraa biyyoonni lama waliin ramadamuun jiraachuu mala. Biyyoonni mo'achuu danda'u jedhamanii yaadamaa jiran Biraazil, Ingilaand, Firaans fi Ispeen akka ta'an himamaa jira. Qaataar biyya baayyina ummataa miliyoona 2.9 qabdu yoo taatu, biyyoota addunyaa kana irratti dureeyyii ta'an adda duraa keessatti argamti. Kun ammoo qabeenya zayita boba'aafi gaazii uumamaa qabdu biyya alaatti erguudhaanidha. Tapha Waancaa Addunyaa kanaaf istaadiyeemota torba ijaarteetti. Kana malees bakka taphni waancaa guyyaa dhumaa itti gaggeeffamus magaalaa haaraa tokko ijaarteetti. Hoteelonni haaraa 100 ol ta'an, magaalaa haaraa tokkoofi daandiiwwan haaraas ijaaraa jirti. Koreen dorgommii kana qopheessan akka tilmaamanitti namoonni miliyoona 1.5 ta'an tapha xumuraa Waancaa Addunyaa 2022 irratti ni argamu. Qaataar biyya hawaasa Musliima jabeessanii qabataniiti. Kanaaf, deeggartoonni amaloota agarsiisaniifi akka itti deddeebiyan hunda keessatti of eeggannoo akka taasisan akeekkachiifamaa jiru.
Kanaaf, deeggartoonni amaloota agarsiisaniifi akka itti deddeebiyan hunda keessatti of eeggannoo akka taasisan akeekkachiifamaa jiru. Alkoolii dhuguu seerri dhorku cimaatu jira. Dhugaatiin baarii hoteelota qananii gurguddoo ta'an keessaa qofa bitama. Biiraan qaruuraan tokkichi $13 baasa. Haata'u malee, qopheessitoonni akka jedhanitti yeroo taphaa kanatti alkooliin bakkawwan adda baafamanitti gurguramuu danda'a.
Piriimer Liigii Ingiliziif kamtu qophii cimaa taasisaa jira? Bara dorgommii 2021/2022 Maanchister Siitii qabxii tokkoon qofa Liiverpuul caaluun shaampiyoonaa tahe. Liiverpuul ammoo xumura waancaa Shaampiyoonsi Liigiif gahuun Riyaarl Maadiridiif harka kenne. Chelsiin sababa weera Raashiyaan Yuukireen irratti gaggeesiteen abbaa qabeenyaa isaa waggoota 20 oliif kilabicha gaggeessaa ture Roomaan Abirahimovich dhabe. Garuu sadarkaa 3ffaan xumuruun shaampiyoonsi Liigii bara dhufuu hirmaachuu mirkaneesse. Tootenahaam ammoo leenjisaa duraan qacaree dorgommicha eegale Nuunoo Ispiriitoo hojiirraa gaggeessee Chelsii fi Inter Miilaan waliin shaampiyoonaa tahun kan beekamu Antooniyoo Koontee fide. Tootenahaam Koontee jalatti jabaachuun osoo hin eegamiin sadrkaa arfaffaan xumure. Erga Sir Aleeksi Fergusan soorama bahanii waancaa Piriimer Liigii injifachuutti deebi'uu kan hin dandeenya Maanchister Yuunaayitid Ole Gunar Soolshayer gaggeessuun Raalf Raayinik qacare. Inumaa kilebichi sadarkaa jahaffaan xumure. Bara kana ammoo leenjisaa haaraa Erik Ten Haag qacaran. Arsenaal bara darbe dorgomaa cimaa ture. Garuu isaanis shaampiyoonsi Liigii keessaa bahuun shanaffaan xumuran. Qophiin waancicha bara dhufu injifachuuf kilebootni gurguddoon gochaa jiran maal fakkaata? Shaampiyoonaan Ingilaandi bara dorgommii xumurame kanaa Maan Siitiin gamanumaan qophii cimaa taasisaa jira. Peep Gaardiyoolaan bara darbe taphataa sarara duraa jabaa malee taphataa turus bara kana akka maashiniitti goolii oomisha kan jedhame Erliingi Haalaandiin Boorushiyaa Doortimoondi irraa mallattesise. Haalaandi paawondi miliyoona 51'n Maan siitii kan gale yoo tahu kileboota akka Riyaal Maadirid, Maan Yuunaayitidii fi Cheelsiidhaan haalaan barbaadamaa ture.
Abbaan Haalaandi dur Maan siitiif taphaataa waan tureef ilmi isaa kunis faana abbaa isaa hordofuun Maan Siitii gale. Amma taphattootni sarara ittisaa kileboota kaanii yaaddoo jalqabuu in hafne. Kana malees, sarara duraa irra kan taphatu Alvaarez kilaba biyya Arjentiinaa Riiverpilet irraa fudhatan. Gabri'el Yesus ammoo kilabicha gadhiisuu gara Arsenaalitti imalaa jira. Waggoota dheeraaf Siitiif taphataa kan ture taphataa gameessi lammii Biraazil Fernaandinoon Siitii gadhisuun gara kilaba biyya isaatti deebi'e. Bakka isaa Klavin Filiips kan jedhamu Liids Yuunaayitid irraa mallatesisuuf Siitiin wlaiigaltee irra gaheera. Liiverpuul qabxii tokkoon caalamee waancaa Piriimer Liigii yeroo dhabu kun kan jalqabaa miti. Bara 2018 Maan siitiin qabxi 98 Liiverpuul 97 fiduun waancaa dhabaniiru. Bara kanas qabxii tokkoon caalaman. Liiverpuul waancaa afuriif xumura irra gahus Shaampiyoonsi Liigiidhaan mo'amuun isaa taphattoota gaddisiisera. Waancaa qofa osoo hin taane taphataa cimaa isaa Sadiyoo Maanees dhabeera. Bakka Maan Siitiin Haalaandi fide, Liiverpuul ammoo Daarwiin Nuunez mallatesiseera. Nuunez Benefikaa keessatti gahumsa guddaa kan agarsiise yoo tahu haalli taphaa Liiverpuul ni mijataaf jedhama. Divok Origii, Takumi Minaaminoo fa'a taphattoota kilabicha gadhiisanii bahanidha. Liiverpuul dorgommii eegaluuf aduun ji'a tokkoof torban lamaa hafu kana irratti gahumsa duraan deebi'aa? Roomaan Abirahimovich saba waraana Yuukireeniin kilaba isaanii hedduu jaalatan dhaban. Kilabicha amma abbaa qabeenyaa haaratu bite. Hoggansi duraanii gadhiisuun haaraan bakka bu'aa jiru. Taphattoota akka Antoonii Ruudiger, Kiristaansen dhabuu isaa mirkaneesera.
Markes Aloonsoo fi Azipuleketaan akkasuma gadhiisanii bahuuf jedhama. Hakim Ziyech fuuldura irraa ni baha jedhamee eegama. Roomeluu Lukaakuu paawondi miliyoona 97 mallatesisanii waggaa tokko qofa taphatee gara kilaba isaa duraanii Inter Miilaanitti ergisaan deemaa jira. Chelsiin amma Raafiinaa Liidsi irraa mallatesisuuf dhumarra gahaa jiraachuu himama. Kanaan ala ammatti taphataa jabaa mallatesisan hin dhagahamne. Arsenaal sadarkaa arfaffaan xumura jedhamee osoo eegamu guyyaa xumuraatti keessaa bahe. Bara kana Maayikil Arteettaan garee isaa cimsuuf taphattota ciicmoo gaafataa jira. Liids Yuunaayitid irraa baarseloonaan barbaadaa kan ture fi amma tasa gara chelsi imaluuf kan edhame Raafiinaa tokko ture. Garuu waan milkaa'an hin fakkaatu. sarara duraa irra kan taphatu Aleeksander Laakazet kilabicha gadhiisee baheera. Bakka isaa taphataa Maan siitii Gbari'eel Yesuus mallatesisuuf waliigaltee irra gahaniiru. Garuu Maarkoniyos taphataa jedhamu Biraazil irraa mallatesisaniiru. Gama biraan Tootenahaam Antooniyoo Koontee jalatti haalaan jabaachaa jira. Taphataa Intermiilaan muuxannoo guddaa qabu Peerisich mallatesisaniiru. Everteen irraa Riicharlisanii fi Goordon barbaadu. Tootenaam morkataa cimaa taha jedhamee eegama. Erik Ten Haag jalatti bara dorgommii haaraa jalqabuuf kan ejdhu Maan Yuunaayitid ammayyuu taphataa haaraa mallatesise hin qabu. Jalqaba irratti leenjisa haaraan kun Firaanki De Yoongi Baarseloonaa irraa barbaada. D Yoongi Baarsaadhaa bahuu hin barbaadu. Garuu hanqina baajata qaban cufachuuf jecha gurguruuf akka fedha qaban ibsaniiru. Man Yuunaayitid De Yoongi fudhachuuf gatii barbaachisu ni kaffala jedhamee eegama. Kiristitaan Eriksen xiyyeffannoo isaanii biraadha. Ittisa irratti Tiimber fi Lisandiroo Maartinez Ayaaksi irraa mallatesisu barbaadu.
Ittisa irratti Tiimber fi Lisandiroo Maartinez Ayaaksi irraa mallatesisu barbaadu. Dabalataan sarara duraa irra Nuunez erga dhabanii Antoonii, taphataa lammii Biraazil ganna 22 fi Ayaaksi keessatti Erik waliin hojjechaa ture barbaadu. Pool Poogbaa, Huwaan Maataa, Maatich, Liingaardi, tapahattoota kilabicha gadhiisanii bahanidha. Yuunaayitid Erik Ten Hag jalatti ijaarsa haaraa jalqaba jedhamee malee waancaa mo'achuuf morkataa jabaa taha kan jedhu ammatti tilmaama argataa hin jiru.
Piriimer Liigii bara kanaan eenyutu mirgaan gala, warra kamtu ammoo sadarkaa 1-4 qabachuun xumura? Piriimer Liigii Ingiliiz kan bara kanaa (2022-23) kilaba kamtu mo’ata jettu? Kilaboota warra kamitu ammoo sadarkaa 1 hanga 4 keessa galuun xumura? Dorgommii Piriimer Liigii bara darbeetiin Maachester Siitiin mo’ateera. Liiverpuul, Chelsiifi Tootenhaam ammoo duraafi duubaan 2ffaa, 3ffaa fi 4ffaa ta’uun xumuran. Arsenaal 5ffaa ta’ee kan xumure yoo ta’u, Maanchester Yunaayitid ammoo 6ffaa ta’uun xumurame. Kan bara kan maal ta’uuf deema? Namoonni kubbaa miilaa beeku jedhaman 22 TV fi raadiyoo keessa hojjetan tilmaama ogummaafi qorannoo isaanii irratti hundaa’e kennaniiru. Isin kan ogeessoti kun tilmaaman dubbistanii kan keessan kaa’uu dandeessu. Shaampiyoonaa bara darbee kan ta’e Maanchester Siitiin si’a sadiitiif walitti aansuun mo’achuudhaaf ammuma irraan hojjechaa jira. Leenjisaan garee kanaa Peep Gaardiyoolaan kana milkeessuudhaaf xiyyeeffannoo addaan hojjechaa waan jiru fakkaata. Kanaan duras kilaboota gurguddoo akka Isipeen keessaa Baarseloonaa (2008-11), jarmanitti ammoo Baayiren Muniik (2013-16) walin milkeessee beeka Gaardiyoolaan. Kan baranaa kana hoo walitti aansuudhaan akka hin mo’anne kilaba kamitu jala dhaabbbataa? Bara dabe keessa Liiverpuul morkataa cimaa Maanchester Siitii walin kokkee walqabaa turedha. Maanchester Siitiin qabxii waliigalaa 93 tokkoffaan yoo xummuru Liiverpuul ammoo 92 guurrachuun qabxii tokko qofaan caalamuun ture kan lamaffaan xumure. Kilaboonni biroon shaampiyoonaa bara dabree kan ta'e Man Siitii harkattri qabachuu danda'u jedhaman akka Maanchester Yunaayitid, Chelsii, Tootenhaam fi Arsenaal bara kana wan haaraa fidu ta'aa?
Maanchester Yunaayitdiif leenjisaa haaraa Eriik ten Haag jalatti dubbiin waan haaraa ta'uu danda'a. Bara darbe 6ffaa ta'uudhaan kan xumure Maanchester Yunaayitid Siitiif yaaddoo ta'uu yaa turuu sadarkaa 1-4 keessa bahuuniyyu gaaffiidha kan jedhan jiru, erga bara 2013 shaampiyoonaa ta'ee milkaa'inni akka jalaa fagaatte kaasuun. Cheelsin bra dorgommii 2021-22 keessa gara caalu raafama keessa darbe. Bara kanoo maal fiduuf deema? Warri Tootenhaam dhuma tolanii sadarkaa afraffaa qabachuun xumuran. Bara kana Maanchester Siitiin akka shaampiyoonaa ta'uun atiriikii hojjetu taa'anii ilaaluuree? Arsenaal kan carraa Shaampiyoonsi Liigii Awurooppaa keessa galuullee erga bara 2016 as itti milkaa'uu dadhabe Maanchester Siitii dura dhaabbachuu danda'aa? Ogeessonni 22 TV fi raadiyoo keessaa filataman garee afran jalqabaa ta'u jedhan tilmaamaniiru. Tilmaama isaaniifis ibsa kennaniiru. Tilmaamni kenname kun haala cimina kilaboonni yeroo ammaa irra jiran, milkaa'ina isaan yeroo darbe agarsiisaa dhufan, akkasumas jijjiirraa taphattootaa yeroon isaa dhumachuuf torban sadii hafes ilaalcha keessa galcheera. Tilmaama eenyu mo'ata jedhuuf namoota 22 kanaan kennnameen kilboota lama qofatu filatame- Maanchester Siitiifi Liiverpuul. Ogeessota 22 kanneen keessaa 13 Maanchester Siitiitu mo'ata yoo jedhan kanneen hafan 9 ammoo Liiverpuul ta'a jedhan. Tilmaama namoota 22 kana irratti hundaa'uun sadarkaan waliigalaa yoo bahutti: 1. Maanchester Siitii, 2. Liiverpuul, 3. Tootenhaam, 4. Chelsii, 5. Arsenaal, 6. Maanchester Yunaayitid agarsiisa. Akka tilmaama isaanii kanatti, sadarkaa bara darbee waliin yoo ilaalamu Tootenhaam fi Chelsiitu qofatu bakka wal jijjiire malee kaan walfakkaata.
Akka tilmaama isaanii kanatti, sadarkaa bara darbee waliin yoo ilaalamu Tootenhaam fi Chelsiitu qofatu bakka wal jijjiire malee kaan walfakkaata. Bara darbe 4ffaa bahee kan xumure Tootenhaam bara kana ammoo bakka Chelsii bara darbee fudhachuun 3ffaa ta'ee xumuraadha. Taphoonni Piriimer Liigii bara kanaa sababa Waancaa Addunyaa Kaataaritti Sadaasa 21 irraa hanga Mudde 18 gaggeeffauun taphoota marsaa 16 booda addaan citee Mudde 26 deebiyee jalqaba. Kun ammoo taphattoota garee biyya isaaniif taphatan miidhuufi dadhabsiisuullee waan danda'uuf Piriimer Liigii kana adda taasisa.
Mohammad Saalaa ilaalcha namoonni amantii Islaamaa irratti qaban akkamiin fooyyeesse? Waggaa shan dura bara 2017 kilaba Roomaa irraa Liivarpuul kan seene mootiin kubbaa miillaa lammii Masrii Mohammad Saalaa, ammas waggoota sadan dhufaniif kilaba kana keessa turuuf mallatteesseera. Kanaanis namoonni hedduun boqonnaa fi gammachuu guddoo argatan. Saalaan jalqabuma wayita Liivarpuul seenu taphataa collee goolii hedduu galche ta'e, isa booda kilabasaa chaampiyoonaa Awurooppaa fi Ingiliiz taasisuu keessatti qooda olaanaa gumaacheera. Oolee bulee beekamtii daangaa hin qabnetti seene, dirree keessatti amala agarsiisuun qalbii namaa booji'e. Taphataa gameessi kun hojii tola ooltummaa barnoota, fayyaa fi mirga bineensota airratti hojjeteen badhaasa gonfateera. Mohammad Saalaa hundaa ol ija hawaasa addunyaa keessa kan galche wayita goolii galchu yeroo hunda sujuudii bu'uu (addasaa dirreen wal-tuqsiisee waaqa kadhachuu) isaati. Gochi isaa kun namoota kubbaa miillaa hin hordofnellee akkaan hawwateera. Bara 2015 namni tokko waa'ee taphattoota waan amantii Islaamaan walqabatu dirree keessatti mul'isanii ''kabaja nama dhowwachuudha'' jechuun erga barreessee booda akkaan qeeqameera. UK Yuuniversitii Angliyaa jedhamu keessatti siyaasa idil-addunyaa kan barsiiftu Dr Solava Ibrahim, ''amantiin Islaamaa shororkeessummaa, hookkara yookiin miidhaa dubartootaan walqabsiifamee hubatamuun'' namoonni akkasitti taphattoota kunneen akka hubatan sababa ijoodjha jette. Waggaa dheeraaf deeggartuu Liivarpuul kan taate Dr solava Ibrahim, tibba Mohammad Saalaa sijuudii bu'uu eegalu battalli ture akkaan qalbii namaa hawwate jette. Deeggartoonni kuma dhibbaan lakkaa'aman Mohammad Saalaa ''Kennaa Allah (waaqaati). Yoo inni goolii lammaffaa galchu anis Musliman ta'a,'' jechaa turan.
''Fudhatamummaa qofaaf osoo hin taane fakkeenya akka ta'u agarsiisaa ture. Biyyoota Arabaa, Baha Giddugaleessaa fi Afrikaa qofaaf osoo hin taane dargaggoota UK'f fakkeenya ta'uu ture kaayyoonsaa,'' jette. Kilaba Liivarpuul bakka bu'uun biyyoota Arabaa keessatti kan hojjetu Najib Al-Hakimi wayita dargaggoonni Mohammad Saalaa jaal'achuun faarsan akkaan ajaayibsiifachuu hime. ''Sababni isaa namoonni Muslimoota akka waan shororkeessitootaa fi namoota waan didaniitti fudhatu.'' Garuu gochaansaa ilaalcha kana akka jijjiiruu danda'u mul'ise jedha Najiib. Ergasii deeggartoonni hedduun biyyoota Arabaa irraa gara Anfiildi imaluun akka Mohammad Saalaa daawwatan hime. ''Dargaggoonni hedduun qomee isaa uffatu, waa'eesaa dubbatu, gaarummaasaa leellisu.'' Deeggaraa Liivarpuul kan ta'ee fi Anfiildiif kan barreessuu Neil Atkinson ''namni amantaa Islaamaa qoollifatu gocha Mohammad Saalaa haa ilaalu,'' jedhe. ''Erga addaan lafa tuqee galateeffatee (sujuudii bu'ee) booda deeggartootatti garagalee waliin gammachuusaa ibsa. Kun miira gammachuu guddaa keessa nama galcha,'' jedhe. Leenjisaan Liivarpuul Yargan Kilop yeroon Mohammad Saalaa kadhannaa itti godhatu yeroo qophii taphaa keessa akka galu dubbatanii turan. Dursaan kilabichaa Jordan Henderson garechi wayita gammachuu ibsatu dhugaatii Champagne alkoolii hin qabne akka fayyadamu filateera jedhe. Mohammad Saalaa dhimma walqixxummaa dubartootaa irrattis dubbachuun kabaja argateera. ''Dubartiin kan ammaa caalaa kabaja argachuutu malaaf,'' jedhee ture. Manneen barnootaa maqaasaan banaman, kanneen ''dhiibbaa Saalaan uume- Salah effect''- irratti xiyyeeffatan keessaa tokko keessatti barattoonni UK yaada akkas jedhu qoodan: ''Namoonni karaa biraatiin amantii Islaamaa ilaaluu akka eegalan daandii saaqe.''
Manneen barnootaa maqaasaan banaman, kanneen ''dhiibbaa Saalaan uume- Salah effect''- irratti xiyyeeffatan keessaa tokko keessatti barattoonni UK yaada akkas jedhu qoodan: ''Namoonni karaa biraatiin amantii Islaamaa ilaaluu akka eegalan daandii saaqe.'' Jibbiinsa amantii Islaamaa jijjiiruu keessatti qoodi taphataan kun gumaache waan ajaayibaati jedhan Kantiibaan Magaalaa Liivarpuul Steve Rotheram. Gaazexaan Time jedhamu bara 2019 Mohammad Saalaa taphataa collee dhiibbaa cimaa uume jechuun namoota 100 keessatti ramadee ture.
'Sababa dhugaatii lubbuu koo yookiin kan nama biraa balleessuu nan danda'an ture'- Waayin Ruunii Taphataa beekamaa Ingilizii fi Maanchistar Yunaayitid kan ta'e Waayin Ruunii, yeroo tokko sababa araada dhugaatii alkoolii hamaa keessa seeneef lubbuu namaa yookiin kansaa balleessuuf akka ture hime. Yeroo ammaa kilabii Darbii Kaawuntii jedhamutti leenjisaa kan ta'e Waayin Ruunii, sagantaa BBC Breakfast waliin turtii taasiserratti icciitii kana ifa baase. Dookumantariin waa'ee seenaa Waayini Ruunii irratti xiyyeeffate yeroo dhiyootti akka gadi dhiifamus ibsameera. Ruuniin sababa araada dhugaatii alkoolii fi rakkoo sammuu isa mudatee tureen yeroo dukkanaa dabarse yaadachuun, wanti baayyee sodaachisaa ture ''lubbuun namaa na harkatti darbuu/du'a'' ta'uu dubbateera. Dogongoroota raawwatee darbe wayita yaadatu, dubartoota hiraarsuu yookiin dhuganii konkolaachisuu hanga lubbuu namaa balleessuutti ga'uuf akka ture dubbate. ''Bu'aa ba'ii jireenyaa akkasii keessa darbanii yoona ga'uun ni ulfaata,'' jedhe. "Mataa kiyyaa fi maatii kiyya oolchuuf gargaarsa akka na barbaachisu nan beekan ture.'' Taphataa kubbaa miilaa ta'uusaatiin wantoota hedduu dubbachuurraa of qusachuun akka isa baasu yaadaa akka ture dubbate Ruuniin. "Waggaa 10 fi 15 dura kutaa itti uffatan seenanii 'suusii dhugaatiin qaba, rakkoo fayyaa sammuun qaba' jedhanii dubbachuun waan hin yaadamne ture. Anis kana gochuu hin dandeenye.'' Fiilmiin dokumantarii 'Ruunii' jedhu gama 'Amazon Prime Video'n gadi dhiifameera. Fiilmichi seenaa Ruunii daa'imummaasaarraa eegalee hanga jiruu leenjisummaa amma irra jiruutti kan qabateedha. Fiilmii kana keessatti gochaawwan Ruunii ijoon ibsaman kamfaadha?
Fiilmii kana keessatti Ruuniin ijoollummaasaatti nama amala gaarii akka hin turre ibsa, yeroo baayyee hookkara kan kaasu akka ta'etti seenesse filmichi. ''Wayita umriin kiyya waggaa 12 namaan walreebee ija koo haguuggadhee yeroon galefaan yaadadha.'' Gameessi kubbaa miilaan beekame kun ijoollummaasaatti bakkeewwan sirni garaagaraa itti qophaa'u deemuun hookkara kakaasaa akka turefaa hime. Ruuniin bara 2002 yeroo duraaf addunyaatti of beeksise. Guyyaa dhalootaasaa waggaa 17ffaa kabajuuf wayita guyyaan shan isa hafutti tapha Eevartan fi Arsenaal irratti goolii galcheen guddoo dinqisiifatame. Bara sana Arsenaal taphattoota gameeyyii akka Tiyeerii Henrii, Paatrik Viyeeraa, Deeviid Siimaan fi Sool Kaampibeel of harkaa qaba, taphoota 30 keessummeesserrattis mo'amee hin beeku ture. Taphattoonni kunneen yeroo sanatti taphattoota ciccimoo addunyaa ta'uu kan himu Ruuniin, taphasaan keessa jiranirratti goolii galchuun carroomuu hime. "Taphni kun tapha dhumaa waggaa 16ffaa kootii ture. Animmoo waggaa 16ffaa kootti goolii galchuun qaba jedheen yaade,'' jedhe. Jijjiiramee kan seene Ruuniin, yeroo sana waan sammuusaa keessa deddeebi'u tokkotu ture: ''Carraan argadheen eessaayyuu haa ta'u gara gooliitti dhiituun qaba,'' kan jedhuudha. Taphni obba'uurra wayita ga'u Ruuniin kubbaa qabatee oofaa, Kaampibel ammoo duubatti jalaa siiqaa wayita duubatti deemu, Ruuniin battala kanatti kubbaa jabeessee gara gooliitti dhiite. Gudisan Paark miila tokkoon dhaabbate. "Maqaa kana yaadadhaa. Waayini Ruunii jedhama,'' jechuun namni taphicha ho'isaa ture Kilaayiv Teeldasli maqaa Ruunii addunyaatti labse.
Waayini Ruunii umriisaa waggaa 18 wayita ga'u waltajjii Awurooppaarratti taphataa cimaa ta'uun beekamuu eegale. Bara 2004 Waancaa Addunyaa Poorchugaal qopheessiterratti dandeettiisaa haalaan mul'isus, tapha nuusa xumuraa irratti miidhamee dirree keessaa wayita ba'u, itti aansuun biyyi isaa Ingilizis dorgommicha keessaa yeroon galte. Waggaa 18ffaasaatti kilaba taphattoonni gameeyyiin akka Ziinaddiin Ziidaan fi Tiyeerii Henrii keessa jiran-Garee biyyaalessaa Firaans waliin wayita biyyi isaa Ingiliz taphattu, dandeettiin inni agarsiise hamma yoonaa seenaa kubbaa miilaa keessatti yaadatama. Taphattoota sarara ittisaa yeroo sanatti jiru jedhaman keessaa maqaansaa jalqabarratti kan ka'u Liiliyaam Tuuraam, dandeettii ajaayibsiisaa Ruuniin agarsiiseen danqamee uummata Awurooppaa duratti qaana'eera. Tapha kana Ingiliz 2 fi 1n mo'attullee Henrii dabalatee taphattoonni gameeyyii hedduun dandeettii Ruunii ajaayibsiifataniiru. Waayini fi Kooliin Ruunii fiilmii kana keessatti waa'ee amanamuu dhabuu Ruunii ifatti seenessu. "Bakka badaa akkan ture haqa. Kanarratti alkooliin yoo dabalamu ammoo tarkaanfii hin taane fudhatta. Bu'aa murtee kana fudhachuun ammoo dirqama ta'a. Ta'us haalli kun jaalalan Kooliiniif qabu hin hir'isne.'' Kooliin suusiin dhugaatii alkoolii Ruunii rakkoo hedduu fidee akka ture dubbatte. Haati warraa Ruunii, kooliin akkamiin rakkoowwan mudatan waliin dubbatanii akka furaa turan fiilmii kana keessatti ni ibsiti. Ruuniin haadha warraasaa waliin hariiroo gaarii akka qaban, haati warraasaa darbees akka hiriyaasaatti akka isaa tajaajiltu, ammammoo ijoollee afur akka waliin horan hime. "Kooliin yeroo nagattee deemtefaatu ture.
"Kooliin yeroo nagattee deemtefaatu ture. Garuummoo waljaallanna turre. Namootaanin mari'adhe. Akkas gochuun koo nagargaare. Waan keessa keenya jiru baasuun barbaachisaadha. Liqimsitee yoo teesse bulee ka'ee si miidha,'' jechuun haala dabarsan ibsa. Waancaa Addunyaa bara 2006 Poorchugaal qopheessiterratti wayita Ingiliz fi Poorchugaal taphatan Roonaaldoon kaardii keelloo argachiisuu ammallee yaadatu. Taphi waancaa addunyaa kun yoomillee warra Ingiliziin kan dagatamu miti, nuusa xumuraaarratti Poorchugaal waliin taphachuun mo'amtee dorgommii keessaa baate. Tapha kanarratti Ruuniin balleessaa Riikaardoo Kaarvaalhoo irratti raawwateen kaardii diimaadhaan dirreedhaa ba'eera. Wayita Ruuniin balleessaa kana raawwatu taphataan kilaba tokko keessa waliin turan Roonaaldoon akkanni kaardii argatuuf murteessaatti wayita waywaatu mul'ateera. Waayini Ruuniin tapha kanarratti erga dorgommii keessaa gaggeeffamee booda kutaa huccuu itti uffatan keessa seenuun akka of ceepha'e yaadata. Taatee kana booda Roonaaldootti haaloo tokkollee akka hin qabannee fi xiyyeeffannoonsaanii tapha piriimiyerliigii irratti akka ture hime Ruuniin. Taphattoonni ciccimoon addunyaa kunneen waggaa itti aanu waliin ta'uun waancaa piriimiyerliigii mo'ataniiru.
Kooriyaa Kaabaa fi Kibbaa: Yeroo dheeraa booda Piyoongiyaangitti walmorkachuuf Kibxata har'aa, Kooriyaan Kaabaafi Kooriyaan Kibbaa kubbaa miilaan wal morkachuuf jedhu. Biyyoonni lamaan yeroo walitti dhufan kan duraa miti garuu yeroo magaalaa guddoo Kooriyaa Kaabaa Piyoongiyaangitti taphatan dhagahame hin beeku. Kana dura takka qofa bara 1990 biyyoonni lamaan Piyoongiyaangitti taphatan. Taphni kun kallattiidhaan televijiniin hin darbu, deeggartoonni Kooriyaa Kibbaa irraa dhufanis hin jirani, miidiyaan biyya alaa argamus hin jiraatu Tuuristoonni Kooriyaa Kaabaa jiranillee tapha kana daawwachuu hin danda'ani. Haalli walitti dhufeenya biyyoota lamaanii isa duraaniirraa amma wayyoo qaba. Ta'us, Kooriyaan Kaabaa tapha kana akka laayyootti hin ilaaltu. Fooramii Paasifikitti kan baratan Andiray Abiraahamiyaan BBC'tti akka himanitti taanaan kubbaan miilaa gosa ispoortii Kooriyaa Kaabaa keessatti jaallatamudha. Taphni garee kubbaa miilaa biyyaalessaa kanneen dhiiraa gidduutti taphatamu kuni galgala keessaa 5:30'tti eegala. Biyyoonni lamaan miseensota federeeshinii kubbaa miilaa addunyaa hogganu, FIFA, fi Konfedereeshinii Kubbaa Miilaa Eeshiyaa waan ta'anif carraa walitti dhufu qabu. Bara 1990 illee biyyoonni lamaan Piyoongiyaangitti tapha michummaa taasisaniiru. Inni amma walitti isaan fide garuu gulaallii Waancaa Addunyaa bara 2022'dha. Wanni hin baratamne garuu taphni har'aa Kooriyaa Kaabaatti taphatama. Kana dura, taphoonni isaan taphatan hedduu Kooriyaa Kibbaatti yookiin biyya sadaffaa biraatti taasifama ture. Fakkeenyaaf, gulaallii Waancaa Addunyaa bara 2010'f yeroo garee tokko jalatti ramadaman tapha Kooriyaan Kaabaa qabdu lamaanuu gara Chaayinaa dhaqanii, magaalaa Shaangaayitti taphatan.
Fakkeenyaaf, gulaallii Waancaa Addunyaa bara 2010'f yeroo garee tokko jalatti ramadaman tapha Kooriyaan Kaabaa qabdu lamaanuu gara Chaayinaa dhaqanii, magaalaa Shaangaayitti taphatan. Yoo ilaalanii jedhani ammallee biyyoonni lamaan waraanatti jiru - waraanni Kooriyaa bara 1953 xumuramus, waliigalteen araaraa mallattaa'e hin jiru. Kooriyaan Kaabaa faaruu biyyaalessaas ta'e alaabaan Kooriyaa Kibbaa isteediyeemii ishee keessatti akka mirmirfamu hin feetu. Gareen dubartootaas takkaa qofa Kooriyaa Kaabaatti taphatan. Kunis, yeroo gulaallii Waancaa Eeshiyaaf bara 2017 taphatanidha. Isaan alatti taphoonni garee dubartootaa hunduu yookiin Kooriyaa Kibbaatti yookiin immoo biyya sadaffaatti taphatame.
Dorgommii Shaampiyoonsi Liigii bara kanaan marsaa kanaan gaafa Guraandhala 26 Riyaal Maadirid Saantiyaagoo Beernaboo irratti kan taphatu taha.
Kanadaa lafa hortee buleeyyiitti waldaaleen Kaatoolikii baay'een gubatan Waldaan Kaatolikii dabalataa lama hawwaasa buleeyyii Lixa Kanaadaa keessatti Sanbata kaleessaa gubatan. Naannawa Biriitish Kolombiyaa keessatti abiddi waldaa St Aanii fi Chopakaa garaagarummaa sa'a tokkoo keessatti jalqabuun waldicha gube. Ofiserootni akka jedhanitti gamoon waldaalee lameenii guutummaatti barbadaa'eera. Abiddicha ''shakkiitti'' ilaalaa jirra jedhan. Wiixata darbes yeroo Kanaadaan guyyaa biyyaalessaa hawwaasa buleeyyii/ganamaa 'National Indigenous People's Day' jedhamu kabajju waldaaleen lama abiddaan gubataniiru. ''Balaa abiddaa darbeefi amma dhaqqabe lamaan irratti qorannoon gaggeeffamaa jira, namni kanaan to'atame garuu hin jiru,'' jedhe Sgt Jason Bayda, Kun kan dhaqqabe reeffi namoota hedduu mana barumsaa duraanii Kanaadaa barattootni keessa jiraataa turan keessaa argamuu hordofeeti. Manni barumsaa mootummaan deeggaraa ture kunneen jaarraa 19ffaa fi 20ffaa keessa manneetii amantaa kanneeniin gaggeeffamaa kan turan yoo tahu, kaayyoon isaa daraggoota hawwaasa buleeyyii keessaa tahan kaan waliin wal fudhachiisuuf [assimilating] ture. Gareen hawwaasa buleeyyii kanaa ammayyuu akka biyyaalessaatti barbaachi reeffaa akka gaggeeffamu gaafataa jiru. Dursaan Baandii Indiyaana Lower Similkameen, Keet Kiroow, CBCtti akka himetti ganamaan naaf bilbilamee waldaan Chopaak akka gubataa jiru natti himame jedhe. Walakkaa sa'aatii booda yoon achi gahu gubateera jedhe. ''Nan aare,'' jedhe dursaan kun CBCtti yoo himu. ''Waan gaarii gochaa akkasii irraa argamu natti hin mul'atu, baay'ee ulfaataa taha.'' Akka jedhetti hawwaasichi baay'een isaanii miseensa waldaa Kaatolikiiti. Balaa abiddaa kanaan rifataniiru jedhe. Ji'a Caamsaa keessa biyyattiin awwaalchi reeffa ijoollee 215 mana barumsaa Biriitish Kolombiyaa keessaa argamuu ifoomsite.
Ji'a Caamsaa keessa biyyattiin awwaalchi reeffa ijoollee 215 mana barumsaa Biriitish Kolombiyaa keessaa argamuu ifoomsite. Mana barnootaa keessuma jiraachaa turan Kamloop Indiyaanaa jedhamu keessatti argame. Manni barumsichaa bulchiinsa waldaa Kaatolikii Roomaa jalatti bara 1890 banamuun bara 1978 ammoo cufame. Kamisa darbe Kowesis- Biyya Jalqabaa akka ibsitetti, awwalcha namoota 751 mana barnootaa bultii duraanii Saskatchewan keessaa argame. Manni barnootaa Marival Indiyaanaa jedhamu kunis waldaa Kaatolikii Roomaan gaggeeffama ture. Bara 1863 hanga 1998 gidduu ijoolleen hawwaasa buleeyyii 150,000 tahan maatii isaanii irraa fuudhamuun manneetii barnootaa kanneen Kanaadaa keessa jiran keessa akka galan taasifaman. Bara 2008 keessa Komishiniin tokko hundaa'uun dhiibaa sirni akka ijoolleen hawwaasa buleeyyii Kanaadaa irraa fuudhaman hedduun maatii isaaniitti hin deebine godhe qoratamu tahe. Komishinichi gabaasa bu'uura tahe yoo baasu, gochichi duguuggaa sanyii tahuu akka danda'u ibse. Mootummaan Kanaadaa ifatti gochaa kanaaf dhiifama gaafate.
Gaarummaa: 'Namoota kaaniif gaarii yeroo raawwannu, sammuun keenya akka badhaafamettii lakkaa'a' Nama sababa malee waan gaarii namaa godhu, akka gowwaa, laafaafi garraamii wayiitti yeroon itti ilaalamu baayyee jira. Tahus gaarummaan hariiroo namootaa waliin qabnuuf dhimma murteessaa dha. Barnideet Raasil waggaa tokko guutuu namootaaf akkasumaan waan gaarii gochaa baate. Kunis akkamiin jireenyashee akka jijjiire dubbatti. Bara 2011 kaaffee keessa taa’ee ciree koo nyaachaan ture. Televizhinii keessa, Landanitti baasiin ummataa yeroo gubatu mul’ata. Baayyee suukaneessaa ture, waraana walii-waliinii fakkaata ture. Hokkora achitti uumameef tarkaanfiin fudhatame immoo gaarii hin turre. Inni baayyee na mufachiisee ture, waa’ee guddina rakkoo addunyaan keessa jirtu yeroon yaadu abdii kutannaatu natti dhagahama. Maal gochuu akkan qabu hin beekun ture. Guyyoota muraasaan booda nama mana poostaatti tajaajila argachuuf paawundii 50 kaffalu dhabe tokkoof, qarshii barbaadu sana nan kenneef. Namni qarshii narraa argate sun akka malee gammade. Garuu qarshiifi yeroon ani kenneef anaaf homaa hin turre. Garuu xiqqoollee taatu nama kana akka itti tolu godheera, sunimmoo garaagarummaa guddaa uumee ture. Sana booda yaadni wayii tokko naa dhufe, ‘’kana booda gara mana koo yeroon galu guyyaa guyyaatti waggaa tokkoof nama haaraa hin beekneef sababa malee waan gaariin godhan,’’ jedhe. Gochaa kanaan jireenyikoo hin jijjiirame. Qo’annoowwan garaagaraa akka agarsiisanitti gaarii ooluun ykn dalaguun sababaan kan raawwatamu miti, uumamaan malee. Gaarii namaa gochuuf sababa yoo barbaanne ykn yoo itti yaadne, gaarii ooluun keenyi hir’isaa adeema. Daa’imman illee nama itti siqan yoo argatan amala gargaarsa kennuu agarsiisu.
Gaarii namaa ooluun sammuu keenya irrattillee dhiibbaa gaarii qaba. Roobiin Baanarjii Yunivarsiitii Saaseeks, Wiirtuu Qorannoo Gaarummaa keessa qo’annoo taasisu. ‘’Gaarummaan kaayyoo namoota kaan fayyaduu jedhuun taasifamu nama gaarummaa sana raawwatuuf bu’aa gaarii qaba,’’ jedhu. Yeroo kanatti kutaan sammuu keenyaa dammaqu waan jiruuf. ‘’Gochaan gaarummaa kuni niiwurootiraansmiitaroota sammuu keenyaa- keemikaalota miira keenya to’atan dammaqsa jechuu dha,’’ jedhu. Qo’annoon, miirri gammachuu kana raawwachuun nutti argannu namoota kaan wajjin akka walitti dhiyaannuufi hariiroo uumnu nu godha jedha. Roobiin akka jedhanitti gamtaadhaan waliin hojjechuuf dhimmootni nu gargaaran hariiroo hawaasummaa xixiqqoo qabnurratti kan bu’uureeffamanidha. ‘’Kanaaf jedhu qorataan kuni akkaataan namoota kaan wajjiin hariiroo uumnu dhimma bu’uuraati,’’ jechuun ibsu. Barnideetitti yeroo deebinu, waggaa tokkoof namoota homaa hin beekneef sababa malee waan gaarii yeroo ooltu maaltu uumame? Waggaa tokko keessatti waanin hubadhe gochaa gaarummaa kana, nama hin beekneef raawwachuun, waan suga qabuufi namatti tolu tahuudha jette. Garuu yeroo hunda miti, takka takka waan si naasisu si mudachuu danda’a. Yeroo kaan immoo baasii qaalii tahe si baasisaa, waan baayyee namootaaf bittee gamoo mana isaanii geessuun fa’i, qaama kee miidhuu danda’a. Barnideet muuxannoo keemikaalaa qaamni keenya yeroo namoota kaan gargaarru akka si’oofnu taasisu keessa dabarteetti. Kunis ‘Helper’s high’ jedhamuun beekama. Miirri kuni akkamiin ibsama? ''Yeroo sanatti miira gammachuu fi ifaa keessan oola. Miirri sun kan onnee kee ho’isuu wayiifi garaa si ciibsudha,'' jetti. Gaaffiin inni guddaan gaarii tahuun waan uumamaan nu keessa jiru yoo taheef, maaliif addunyaa gaarummaa itti baay’ate keessa jiraachaa hin jirru?
Ilmi namaa dandeettii warra kaaniif gaarii tahuu qaba, garuu carraa hammeenya guddaa namarraan gahuus qaba jedhu Roobiin. Naannoon keessattii guddannu kanaaf dhiibbaa guddaa qaba jedhu. Barnideet waa’een gaarummaa akkataan nutti himame rakkoo qaba jetti. Seenaan waa’ee gaarii namaa ooluu dhageenyu baayyeensaa akka waan laafaa tahutti ilaalama. Kanaaf immoo Roobiin waan akka fakkeenyaatti kaasan qabu. Fakkeenyaaf nama milkaa’e yaadaa otoo jedhamne kan gara sammuu keenyaatti dhufu nama gaarii namaa ooluu otoo hin taane, nama beekamaa, sooressa ykn aangoo qabu dha jedhu. ‘’Yaada akkasii jijjiiruudhaaf jedhu Roobiin, jireenyatti milkaa’uun hariiroo namoota kaan wajjiin qabnu kan dabalate tahuu qaba jennee yaaduu qabna,’’ jedhu. Qo’annoon gaarummaa ilaallatu dhihoo namoota 60,000 irratti adeemsifame, yeroo weerara Kooviid namoonni kan durii irra gaarii walii tahaniiru. Yeroo weerarri Kooviid 2020tti jalqabe Niinaa Andarsan duula barattoonni maanguddootaaf xalayaa akka barreessan taasisu jalqabde. Kana kanin jalqabe manguddootni manatti yookiin iddoo kunuunsi isaaniif kennamutti nama waliin haasa’an ijaa hin qabneef baaxii manaa ilaalaa oolu gatii taheefi. Waan akka laayyootti jalqabnee amma jaarmiyaa dhaabnee manneen barnootaa 250 fi manneen kunuunsaa manguddootaa 250 walitti fidneerra. Namoota kumaan lakkaa’amanis waan gaariidhaan isaan bira dhaabbachuu dandeenyeerra. Barnideet, gaarii gochuuf waan gochuu qabnu dubbatti: ''Hundi keenyi gaarii tahuu, nama gargaaruu ni barbaanna garuu amma yaadachuu kan qabnu gaarummaa guddaa gochuuf dandeettii akka qabnu dha.'' Addunyaa kanarra gaarii taate akkamiin ijaaruu dandeenya? Roobiin, kuni dhimma ‘’namoota akkas godhaa, har’aa qabii waan gaarii godhi jedhanii qajeelfama kennuu mitii,’’ jedhu.
Roobiin, kuni dhimma ‘’namoota akkas godhaa, har’aa qabii waan gaarii godhi jedhanii qajeelfama kennuu mitii,’’ jedhu. ‘’Namootni waan gaarii raawwachuun akka barteefi waan addaa hin taanetti akka hin ilaalleef naannoo keenya jijjiiruu qabna,’’ jedhan. Barnideetis manneetii barnootaa, hospitaalli, jaarmiyaaleen tajaajila ummataa kennan qajeelfama gaarummaa otoo qabaatanii gaarii ta'u himu. Wayii dalaguun dura ‘’kuni waan gaarii dha? ‘’ jennee otoo of gaafannee, sanaan gaarummaan qaama jiruufi jireenya keenyaa tahaa jechuu dha jechuun ibsu. Jijjiirama guddaa arguuf barbaaduun garuu dalagaawwan gaarummaa xixiqqoo tahan hiika hin qaban jechuu miti jedhu Roobiin Adeemsa isheen gochaa gaarummaa namaa ooluun wanti guddaa Barnideet hubatte maali? Guyyaa, guyyaatti waan gaarii gochuun akka danda’amu dha, kunis nama nagaa gaafachuufi faara gaarii itti agarsiisuu fa’i tahuu mala. Roobiinillee akkasuma, ‘’gochaa gaarii xixiqqoo tokkoon tokkoon keenyi raawwannuun hundi keenyi gaarii walii taana, naannoo warra kaaniifis mijataa tahe uumna,’’ jedhan.
Sirna 'kaafaalaa': Seera biyyoota Arabaa 'gabrummaarra hin wayyu' jedhamu Seerri kaafaalaa jedhamu biyyoota Arabaa garagaraatti hariiroo hojjettoota godaantota ta’aniifi namoota isaan hojjeechiisan gidduu jiru hoogganudha. Hojjetaa godaane jechi jedhu mataan isaa ibsa barbaada. Hojjettoonni alaa hojjettoota godaantota ta’an irraa addadha. Ulaagaawwan hojjetaan tokko biyya jiraatu keessaa karaa seeraa filamee hojiif gara biyya biraa deemee ‘hojjetaa godaane’ taasisan jiru. Keessumaa namoonni yeroo murtaa’ef hojii hojjechuuf ala bahanii deebi’an maqaa kanaan waamamu. Kafaalaan hiika hedduu qaba. Garuu gabaasa kana keessa ‘’sirna ispoonsaraa’’ jedhamee hiikamuu danda’a. Hojjechiisaan tokko biyya biraarraa hojjetaa manaa qacaruun mirga hedduu goonfata. Hojjetaan tokko nama isa hojjeechiisu jalaa yookiin to’annoo isaanii jalaa yoo bahe seerichi seera maleessa nama taasisa. Kuni osoo hojjetaa rakkoon qunnamees ta’e osoo hin qunnamin waan turedha. Seerri kuni UAE, Kuweet, Baahireen, Omaaniifi Sa’udi Arabiyaatti hojiirra oola. Akkasumas Jordaaniifi Libaanosis seera kana itti dhimma bahu. Seera kanaan hojjettoonni manaa of ijaaruu hin danda’ani. Walumaagala seerichi kanneen isaan hojjechiisan aangoo guddaa akka qabaatan waan godhuf hojjettoonni badiiwwan garagaraaf akka saaxilaman gochuu isaa qorannoowwan agarsiisan jiru. Hojjettoota sirni kaafaalaa jala bulan keessaa garri caalu manneen namaa kan dalaganiifi hojii ijaarsa gamoof kan filatamanidha. Namoonni baratanii gara biyyoota kanaa adeeman maqaa kanaan hin waamamani. Sababa kanaaf seera ‘hacuucu’ kana jala hin bulani. Hojjettoonni godaantota ta’an seerota hojjetaafi hojjechiisaa biyyootni hordofanirraa ni qollifamu. Kuni seeraan kan tumamedha. Lammiilee Itoophiyaa dabalatee hojjettoonni biyyoota kaanirraa biyyoota Arabaatti imalanii hojjetan sababa seera kanaan sarbama mirgaa olaanaaf akka saaxilaman amanama.
Gareen mirga namoomaaf falmu Aminastii Intarnaashinaal dhaabbilee seerri kuni akka haqamu gaafatan keessaati. Seerri kuni eyyama hojjetaa malee hojjechistoonni waliigaltee addaan kutuu akka danda’an eeyyama. Kunimmoo hojjettoonni hidhaaf akkasumas biyyaa akka ari’aman taasiseera jechuun qeqeera. Akka seera kanaatti hojjettoonni manaa osoo biyya gadhiisanii bahuu barbaadanillee hojjechiisaan isaanii eeyyama barreessuufi qaba. Kanaan ala seeraan gaafatamu. Kunimmoo egereefi lubbuu hojjettootaa harka hojjechistootaa akka bu’u taasisa. Sababa kanaaf namoonni baay’ee seera kana ‘gabrummaa ammayyaa’ jechuun ibsu. Akka dhaabatus gaafataa turani. Dhihoo qorannoo hojettoota manaa godaantota ta’aniifi Libaanos jiranirratti taasifamerra kanneen qooda fuudhatan keessaa 69% yoo xiqqaate haleellaan saalaa si’a takka isaan qunnameera. Kanneen haleellaan saalaa irra gahe keessaa 75% kan ta’an sanada bu’uura seeraa qabu akka hin qabne dubbatani. Sirna kaafaalaa keessa hojjechistoonni paasportii namoota hojjechiisan fudhatanii ol kaa’un waan baramedha. Kanaaf hojjettonni manaa socho’u hin danda’ani. Kaanimmoo waliigaltee isaanii akkasumas viizaa isaanii osoo hin haaromsisiin hafu. Hojjettuun tokko mana nama ishee hojjechiisu keessaa dhiistee yoo baateefi isaaniis ishee gadhiisuuf eeyyamamaa yoo hin taane ‘seeraan ala’ jedhamti. Kunis hidhaa ishee buusa. Qorannoo Libaanos keessa taasifameen dubartiin tokko geejjiba dhaabbati taaksii tokko dhiheessurra yeroo turtetti waan ishee qunname akkanaan himti. Namichi daandiirraa maquu isaa agartee ‘maaliif’ jettuunis ‘waan bareedduufi natti tolteef’ jechuun akka itti dubbate himti. Akka konkolaataa dhaabu gaafattus ‘diduu’ dubbatti. Eegasii balbala duubaan akka baatu erga dhaadatte booda akka ishee buuse himti.
Dubartoonni hedduu manaafi gabaatti akkasumas daandirra haleellaan saalaa akkanaa akka isaan qunnamu dubbatu. Hedduun isaanii gara seeraa hin deeman. Akka qorannoon mul’isutti gara caalu hojjechistoota dhiiraatu haleellaa akkanaa raawwata. Firri hojjechistootaas qooda fudhatu. Osoo hojjettoonni baduuf yaalanis paasportiin isaan bira hin jiru. Osoomallee paasportiin harka isaanii jiraate hojjechistoonni hojjettoonni manaa baduu isaanii gaafa baran seera bira deemanii kontiraata isaanii kutu. Battaluma hojjettoonni manaa haleellaan irratti raawwate godaantuu jedhamtee seeraan barbaadamti. Sababa kanaaf hojjettonni callisa filatu. Badiifi haleellaa biroofis saaxilamu. Sirni kaafaalaa biyyoota naannawicha jiran koloniin kan bitaa turte Biritaaniyaan walakkeessa jaarraa 20ffaa keessa akka haaraatti kan beeksifte ta’u qorannoon ni mul’isa. Kuni keessumaa boba’aan biyyoota kanatti argamuu hordofee hojjettoota hojii akkanaarra hirmaachuuf biyyoota biroorraa dhufanirra hojiirra ooluu seenaan ni ibsa. Bara 1950 keessa keessumaa hojjettoota Afrikaafi Eshiyaadhaa deemaniifi hojjechistoota bulchuuf bal’inaan hojiirra ooluu jalqabe. Seerri kuni biyyoonni Arabaa walabummaa isaanii argatanii waggoota 50 boodallee hojiirra oolaa jira. Seera kana Qaaxaar bara 2019 haqxeetti. Biyyattiin kan kana goote hojjettoonni ijaarsa istaadiyeemii Waancaa Addunyaaf qophaa’urratti hirmaatan seerri kuni isaanirra oolfamuu isaatiin mormiin erga itti cimee boodadha. Hojjettoonni guyyaa biyyoota Kibba Eeshiyaarraa dhufan haala jireenya hamaa keessa jiraachuu eeruun seera kana mormaa turani. Biyyoota naannoo galoo galaana Galfitti hojjattoota biyyasaaniirra bahanitu argama. Hojjattoota kana keessaa hojjattoonni kumataamaan lakkaa’aman sababa ifatti hin beekamnen lubbuu dhabu, motummoonni biyyoota naannichaa garuu maaltu du’asaaniif ka’umsa akka ta’e sirnaan hin hordofan jedhu dhaabbiileen mirga namoomaa.
Hojjattoota kana keessaa hojjattoonni kumataamaan lakkaa’aman sababa ifatti hin beekamnen lubbuu dhabu, motummoonni biyyoota naannichaa garuu maaltu du’asaaniif ka’umsa akka ta’e sirnaan hin hordofan jedhu dhaabbiileen mirga namoomaa. Dhaabbileen mirga namoomaa seerri mirga namoomaa baqattootaa eegu akka bahu yaalaa jiru. Dhaabbileen mirga namoomaaaf falman seerri mirga namoomaa sarbu geeddaramee, hanqinoonni gama seeraatiin mul’atan furamanii, qaamonni hoji raawwachiftu seerota fooyyeffaman akka hojiitti hiikan gorsu.
Afrikaa Kibbaa keessa saamichi, ajjeechaafi gudeeddiin irra deddeebiin raawwata.
Saantimni durii dolaara miiliyoona tokko baastu barbaacha waggootaa 20 booda argamte Saantima takkittii dolaara miliyoona tokko baasa jedhamee fi hatamee ture barbaadanii Israa'elitti deebisuuf waggoota 20 fudhate. "Saantimni mallattoo seenaa taate kun dhuma irratti gara mana isheetti ergamuuf jirti," jedhan angawaan US sagantaa saantima deebisuu irratti argaman. Saantimni kun meetii irraa kan hojjatame yoo ta'u waggoota 2,000 dura bara warraaqsa warra Yuhudootaa jedhamuun beekamu kan bocameedha jedhama. Saantimni "Shekeel" jedhamu kun bara 2002 Israa'el kan hatame yoo ta'u dhuma irratti barbaacha waggoota 20 booda argame. Kibba Yerusaalem bakka Sulula Ella jedhamuu keessaa saantimni argame kun hatameera oduun jedhu kan dhagahame Abbaan Taayitaa Hambaalee Israa'el (IAA) namni lammii Filisxeem tokko saantima hambaa durii ta'e fudhachuu odeeffannoo dhoksaa erga argatee boodadha. Saantimni kun dhuma irratti gara US geeffamuun bara 2017 Deenvar Koloraadotti caalbaasiif dhiyaatee akka ture ibse Abbaan Taayitaa Hambaalee Israa'el agarsiisa. Abbaan Taayitaa Hambaalee Israa’el erga kana baree booda odeeffannoo kana Biiroo Qorannoo Nageenya Biyya Keessaa US gurra buusun saantimittiin akka qabamu godhame. Fulbaana 12, 2022 sagantaa saantima hambaa durii ta’e kana deebisuuf qophaa’e irratti aangawoonni Israa’eli fi US bakka argamanitti akka deebi’u godhameera. Sagantaa saantima hambaa durii hatamee ture deebisuu kana irratti UNtti ambaasaddara Israa’el kan ta’an Gilaad Erdaan argamaniiru. "Har’a michoota keenya wajjiin haftee muraasa hambaa durii kan ta’e saantima shekel deebisuuf wal taanerra, [saantimni kun] bulchiinsa warra Roomaa jalaa walaba bahuu kan agarsiisu,” jedhan hojjataa Biiroo Qorannoo Nageenya Biyya Keessaa US kan ta’an Riikii J Paatel.
"Har’a michoota keenya wajjiin haftee muraasa hambaa durii kan ta’e saantima shekel deebisuuf wal taanerra, [saantimni kun] bulchiinsa warra Roomaa jalaa walaba bahuu kan agarsiisu,” jedhan hojjataa Biiroo Qorannoo Nageenya Biyya Keessaa US kan ta’an Riikii J Paatel. Saantimni kun mallattoo warri Yihudootaa itti fayyadaman ofirraa kan qabu yoo ta’u gosni isaa afur qofatu hanga ammaa jira jedhama. Abbaan Taayitaa Hambaalee Israa’el akka jedhetti saantimni kun Dhaloota Kiristoos booda bara 69 tolfame - kunis waggaa afraffaa bara Fincila Guddaa jedhamudha. Fincilli kun diddaa Yihuudonni bulchiinsa warra Roomaa diduudhaan kan gaggeeffame yoo ta’u dhuma irratti warra Roomaa jalaa bahuun kan xumurameedha. Ficilli Yihudoonni warra Roomaa irratti kaasan kun warri Roomaa magaala Yerusaalem balleessufi Dhaloota Kiristoos booda bara 70'tti mana qulqullummaa Yihudootaa isa lammaffaa balleessuudhaan goolabame. Fincila kana irratti Yihodoonni kuma dhibbaa hanga miliyeenaa oliitu dhume jedhamee tilmaamama.
'Hojiif si barbaanna jedhanii waamanii hidhan'- Haadha manaa Gaaz. OBN Nageessoo Galchuu Miidiyaa Oromiyaa Biroodkastiing Neetwoork- OBN jedhamu damee Godina Arsii keessa kan hojjetu Gaazexeessaa Nageessoo Galchuu Sambata darbe gaafa Fulbaana 24, 2022 magaalaa Asallaatti to'atame. Haati manaa Gaazexeessaa Nageessoo Galchuu Aadde Birtukaan Kadir Gammachuu, ''hojiif si barbaanna jedhanii waajjira poolisiirraa bilbilanii waamanii achumatti hidhaa buusan,'' jette. Gaazexeessaan kun poolisiidhaan to'atamee guyyoota shan booda har'a (Roobii 28, 09, 2022) mana murtiitti dhihaateera. ''Har'a mana murtiitti dhiyeessanii deebisanii hidhan. Irreecha as deema jiru gufachiisuuf garee uumtee qindeessiteetta jedhanii himatan,'' jette Aadde Birtukaan. ''Duraan wayita qaban maaliin akka shakkan hin dubbanne. Hojiif barbaadamta jedhanii qofa waaman.'' Aadde Birtukaan guyyoota hanga abbaan warraashee mana hidhaa ture kanneen qindeessitoota OBN kan damee Godina Arsii fi waajjira muummeesaa Adaamaatti argamutti dhimma isaa iyyattus deeggarsa akka hin arganne himte. Daarektara Itti Aanaa Oromiyaa Biroodkastiing Neetwoork (OBN) kan ta'an Obbo Masfin Badhaasaa hojjetaansaanii Gaazexeessaa Nageessoo Galchuu hidhamuu haadha warraa isaa irraa dhagahuu himanii yaada bal'aa kennuurraa of qusatan. Gaazexeessaan kun hojjetaa keessan ta'uusaatiin waa'ee hidhamuusaa hagam beektu, akkamiin hordofaa jirtu gaaffii jedhuuf ''poolisii hidhe gaafadhaa, Asallaatti hidhamee jira achi gaafadhaa,'' jedhan. Bakka gaazexeessaa Nageessoo Galchuu itti hidhamee jiru Waajjira Poolisii Magaalaa Asallaa aanaa lammaffaatti hoogganaa kan ta'an Komaandar Mohammad Kadir irraa dhimma kana qulqulleeffachuuf bilbillus bilbila hin kaasan.
Bakka gaazexeessaa Nageessoo Galchuu itti hidhamee jiru Waajjira Poolisii Magaalaa Asallaa aanaa lammaffaatti hoogganaa kan ta'an Komaandar Mohammad Kadir irraa dhimma kana qulqulleeffachuuf bilbillus bilbila hin kaasan. Aadde Birtukaan akka jettutti Komaandar Mohammad dabalatee qondaaltonni mootummaa magaalattii Nageessoon akka hiikamu natti himaa turanis garuu hanga yoonaa daa'imasaa dhiisee mana hidhaa jira jetti. ''Daa'ima tokko qabna. Daa'imni isa bira deemuuf boo'a. Qindeessaa Godinaa waliin taanee yeroo hedduu deemnee gaafanneerra. Balleessaa isaas nutti hin himne. Warri waajjira poolisiis akkanni hiikamu nutti himuu malee hanga yoonaa hin hiikne.'' Gaazexeessaa Nageessoo Galchuu wayita itti bilbilamee hojiif akka barbaadamu itti himame dhimma komii lafaan walqabatee jiru irratti gabaasa hojjechuuf gara waajjira lafaatti bilbilaa ture jetti Aadde Birtukaan. Erga waamanii waajjira poolisiitti hidhanii boodas qabanii deebi'anii akka manasaa sakatta'an himte. Aadde Birtukaan abbaan waraashee tasa wayita biraa qabamee mana hidhaa bu'u rifattee gadda guddaa keessa seenuu himte. Gaazexeessaa Galchuu hidhamuusaa dura qaamni wayii akka isa doorsisaa jiruu fi sodaa akka qabu fuula feesbuukiisaa irratti barreessee ture. Kanaan duras ALI Muddee 10, bara 2014 Gaazexeessaan OBN Seefuu Gurmuu manasaatti qabamee hidhamee osoo mana murtiitti hin dhihaatin ji'oota boioda gadhiifameera. Dhaabbanni US buufatee mirga gaazexeessitootaafi walabummaa miidiyaaf falmu CPJn ibsa dhiheenya baase keessatti Itoophiyaan biyyoota Afriikaa Sahaaraa gadii akka malee gaazexeessitoota hidhan keessaa tokko jedheera. Akka ibsi dhaabbatichi Kibxata Hagayya 02, 2022 baase jedhutti yoo xiqqaate gaazexeessitoonni fi ogeeyyiin miidiyaa 63 erga Sadaasa bara 2020 as (erga waraanni Kaaba Itoophiyaatti eegalee) hidhamaniiru.
Haleellaa mana hidhaa Abuujaarratti raawwatameen sirreeffamtoonni 400 miliqan Naayijeeriyaatti gareen hidhattootaa magaala guddoo biyyattii seenee haleellaa gaggeessun namoota 400 oli mana hidhaatee baase Gareen ‘Hidhattoota Islaamaa’ ofiin jedhu magaala guddoo Naayijeeriyaa Abujaa seenun mana hidhaa cabsee hidhamtoota 400 oli gadi lakkisiisuun ibsame. Aangawoonni mootummaa biyyattii akka beeksisanitti haleellaa garichi mana hidhaa irratti fudhateen eegdonni mana hidhaa afurii fi hidhatoonni garichaa heddu ajjeefamaniiru. Naayijeeriyaa keessatti bara 2020 kaasee sirreeffamtoonni 5,000 oli mana hidhaatii akka miliqantu himama. Kibxata darbe halkan mana hidhaa qarqara magaala Guddoo Naayijeeriyaa Abujaatti argamutti sagaleen dhukaasaa gurguddaan dhagahame. "Daandii irratti sagalee dhukaasaa dhageenye. Hattoota hidhatantu dhukaasa nutti fakkaate. Sagalee dhukaasaa booda dhohiinsatu dhagahame. Lammata irrattis sagalee dhohiinsatu dhagahame, sadaffaanis itti fufe” jechuun jiraattonni naannichaa AFP tti himan. Angawaan mana hidhaa akka himetti haleellaa hidhattoonni geessisaniin hidhamtoota keessaa namni 4 yoo du’u 16 ammoo madaa’aniiru. Yeroo haleellan mana hidhaa irratti gaggeeffametti miseensota hidhattootaa ta’uun isaanii shakkamee fi hidhamtoota siyaasaa dabalatee namoota yakka gurguddaan shakkamantu mana hidhaa sana keessatti hidhamee ture. Aangawaan mana hidhaa akka jedhetti hidhamtoonni siyaasaa warra kaan waliin mana hidhaa keessaa hin miliqne. Yeroo hidhattoonni haleellaa gaggeessanitti hidhamtoota 1,000 ta’antu mana hidhaa sana keessa ture. Jalqaba irratti hundi isaanii bahanii turan, boodarra 443 kan ta’an qabamanii mana hidhaatti deebifaman. Ministeerri Ittisaa biyyattii kan ta’e Bashir Magaashi ibsa gaazexeessitootaf kenneen, haleellicha kan raawwate garee Boko Harama “ta’uu hin oolu” jechuun dubbate.
Ministeerri Ittisaa biyyattii kan ta’e Bashir Magaashi ibsa gaazexeessitootaf kenneen, haleellicha kan raawwate garee Boko Harama “ta’uu hin oolu” jechuun dubbate. “Warra miliqan keessaa namoonni 64 miseensota Boko Harami. Miseensonni garichaa tokko iyyuu mana hidhaa sana keessatti hin hafne. Hundi isaanii miliqaniiru,” jechuun dubbate. Gareen ‘Islamic State group (IS), kan maqaa ISWAP jedhuun Lixa Afrikaa keessa socho’uu fi Boko Haram wajjin hidhata qabu haleellaa kanaa anatu gaggeesse jedheera. \n\nGareen ISWAP bara 2016 tti Boko Haram irraa foxxoqee ture. Yeroo tokko tokko namoonni garee lamaanuu Boko Haram jedhanii waamu. Pirezidaantin Naayijeeriyaa Mohammaduu Buhaarin humni nageenya fi humni tikaa biyyattii haleellaa kana dursanii ittisuu dadhabuu isaanif komatanii jiru. \n\nWaa’ee sadarkaa eegumsa mana hidhaa yeroo sana turee fi “hidhamtoonni mana hidhaatii miliquu” gabaasa qindaa’aa ta’en barbaada jedhan. Naayijeeriyaa keessatti nageenyi yaaddessaa ta’aa deemu fi gareewwan hidhatan humnaan nama butuun aadaa ta’aa dhufuun irraa kan ka’e mootummaa Buhaarii irratti komii guddaa kaasaa jira.
Misaa'ela haleellaa qilleensarraa qolatu Yukireen gammachisee Raashiyaa dheekkamsiise Yukireen misaa'ela haleellaa qilleensarraa qolatu ykn farra haleellaa qilleensarraa ammayyaa Ameerikaan tolchite 'Paatiroot' jedhamu argachuuf. Meeshaan waraanaa ammayyaa kun misaa'elaafi diroonii Raashiyaa qolachuuf ishee gargaara jedhameera. Waayit Haawus kana kan mirkaneesse Pirezedantiin Yukireen Volodmiir Zeleniskiin Roobii Waashingiteen daawwachuu durseeti. Mooskoon garuu karoorri misaa'ela Paatiroot jedhamu Yukireen keessatti tajaajilaaf oolchuu ''dubbi-barbaacha'' fi Ameerikaan waraana Yukireen keessatti hirmaannaa qabdu caalaatti guddisa jette. Waraanni Guraandhala darbe Yukireenitti erga eegalamee as biyyoonni Lixaa misaa'ela qoleetti baatamu Istinger jedhamurraa kaasee hanga misaa'ela raadariin qajeelfamuutti Yukireeniif ergaa turan. Meeshaaleen kunneen haleellaa sadarkaa adda addaarraa of eeguu Yukireen gargaareera. Farri haleellaa qilleensarraa Paatiroot jedhamus Yukireeniif dabarfamee kennamuuf adeemsarra jira, Mooskoon garuu ni mormiti. Meeshaan kun akka rasaasa sasalphaa beeknurraa addadha; dandeettii guddaa kan qabuufi gatiin isaallee garmalee qaaliidha. Misaayiliin Paatiroot jedhamu tokkichi Doolara Ameerikaa miliyoona sadii kan baasu yoo ta'u, misaa'ela lafarraa gara samiitti dhukaafamu 'NASAMS' jedhamu waliin gatiin isaa walbira wayita qabamee ilalamu dachaa sadiin caala. Misaa'elli NASAMS jedhamu lama torbanoota hedduuf Yukireenitti tajaajilarra oolee ture. Baatiriin misaa'ela Paatiroot jedhamu kanaa haleellaa gara jabummaa''Raashiyaan bu'uuraalee misoomaa Yukireen irratti raawwaachuuf jirtu qolachuuf meeshaa murteessadha,'' jedhe Waayit Haawus. Misaa'elli Paatiroot erga kalaqamee as Iraaqitti misaa'ela Raashiyaan tolchite Iskaad jedhamu qolchuuf tajaajilarra oolfamee ture.
Paatiroot gosa misaa'elaa irratti hundaa'uun misaa'eloota fageenya kiiloomeetira 40 -160 irratti rukutuuf akka gargaaru gabaafameera. Meeshaa haleellaa qilleensarraa qolatu kun iddoowwaan murtaa'oo kan akka magaalota ykn bu'uuralee misoomaa murteessoo ta'an haleellaa misaa'elaarraa eeguuf gargaara. Ameerikaan meeshaa kana tokkicha buufata raaadarii, giddugaleessa to'annoo fi iddoo misaa'elli dhukaafamu qabutti Yuukireeniif dabarsitee kennuuf jiraachuu beeksifte. Meeshaan kun iddoo bu'uuraalee misoomaa murteessoo ta'an ykn magaalaa eegumsi dabalataa barbaachisu cina kaa'ama. Iddoo meeshaan kun kaa'amu hin beekamu, garuu si'a tokkicha biyyoonni Lixaa Yukireeniif dabarsanii kenninaan, qabeenya Yukireen ta'a- Meeshaan kun to'annoo humna waraanaa Yukireen jala oola jechuudha. Ameerikaas ta'ee loltoonni NATO meeshaa kana Yukireen keessatti itti hin gargaraman. Kanaafuu loltoonni Yukireen meeshaa kanatti gargaaramuuf leenji'uu qabu. Leenjiin itti fayyadama farra misaa'ela kanaa biyya biraa keessatti kennama. Ameerikaan leenjii akkasii humnoota Yukireeniif biyya Jarman keessatti Amajjii dhufturraa kaaste akka kennitu beeksifteetti. Mooskoon garuu karoorri meeshaa Paatiroot Yukireen keessatti tajaajilaaf oolchuu''dubbi-barbaacha'' fi Ameerikaan waraana Yukireen keessatti hirmaannaa qabdu caalatti guddisa jette. Raashiyaan waraanni Yukireen otoo hin eegaliin dura misaa'elii akkasii argamnaan iddoo ''haleeluuf irratti qiyyaafannudha'' jetteetti. Ameerikaan baatirii misaa'eloota kanaa gara Yukireenitti erguuf murteessuun Yukireen akka haleellaa qolattu ta'uuf beeksiste. Iraan dirooniwwaaniifi tarii meeshalee biroo Raashiyaaf dhiyeessuun Yukireenitti yaaddoo uumeera. Biyyoonni Lixaa kana bu'uura gochuun meeshaalee waraanaa ammayyaawoo gara Yukireenitti ergaa jiru, Raashiyaann garuu kan hin feetu.
Biyyoonni Lixaa kana bu'uura gochuun meeshaalee waraanaa ammayyaawoo gara Yukireenitti ergaa jiru, Raashiyaann garuu kan hin feetu.
Dhukaasa bakka waraanni Raashiyaa leenjiirra turan irratti banameen 11 ajjeefaman Dhukaasa namoonni hidhatan lama bakka waraanni Raashiyaa haaraan leenjiirra jiranitti Onkololeessaa 15, 2022 bananiin namoonni 11 ajjeefamanii 15 ammoo madaa'an. Loltoonni waraana Yukireen irratti gaggeeffamu keessatti hirmaachuuf fedhiin leenjii'uuf galan kunneen osoo haala itti dhukaafamu shaakalaa jiranii, namoota lamaan dhukaasni irratti banamuu eejjansiin oduu mootummaa Raashiyaa Ria gabaase. Kanneen haleellaa raawwatanis Riippablika Soviyeet duraanii irraa ta'uu Ministeerri Raayyaa Ittisa Raashiyaa himulleen, gadi fageenya eenyummaa isaanii garuu omaa hin dubbanne. Jarreen jedhaman sunis bulchiinsa Raashiyaa Belgorod kan daangaa Yukireen keessatti itti dhokaafamuun ajjeefamaniiru. Haleellaan kanaan, namoonni gara biraa 15 ammoo madaa'aniiru. ''Leenjifamtoonni waraana oppareeshinii addaa Yukireen keessatti gaggeeffamu irratti hirmaachuuf fedhii agarsiisan osoo haala itti dhukaafamu leenjii'aa jiranii, shororkeessitoonni qawwee xixiqqaa hidhatan dhukaasa irratti banan,'' jedhe eejjansii oduu mootummaa ibsa Ministeera Ittisaa eeruudhaan. "Dhukaasa irratti banameen wal qabatees namoonni 11 ajjeefamanii, kaan 15 ammoo miidhaan garaagaraa irra gahuun gara dhaabbilee fayyaatti geeffamaniiru,'' jedhe. Bulchaan naannichaa gama isaatiin jiraattoota bulchiinsa Belgorod keessaa kan ajjeeffames ta'e kan miidhame omtuu hin jiru jedhan. Baatii darbe keessa Pirezidant Vilaadmiir Puutin namoota kana dura tajaajila loltummaa dirqamaa fudhatan 300,000 akka waraanatti makamaniif waamicha taasisuun isaa ni yaadatama. Ajaja pirezidaantichaa kana hordofees Raashiyaa guutuutti mormiifi kaan biyya gadhiisanii bahuuf kaka'anii ture.
Ajaja pirezidaantichaa kana hordofees Raashiyaa guutuutti mormiifi kaan biyya gadhiisanii bahuuf kaka'anii ture. Battaluma waamichi gara waraanaatti makamuu taasifameettis, namni leenjiif namoota mindeessaa ture waajjira Saayiberiyaa keessatti itti dhokaafamuun ajjeeffame. Torban darbes, Puutin hanga ammaatti namoonni 200,000 ol ta'an waraanaatti makamuufi ammas dabalataan namoota barbaachaa akka jiru himunsaa ni yaadatama.
‘Ammatti Yukireenitti haleellaa bal'aan hin barbaachisu’-Puutin Pirezedantii Raashiyaa Vilaadimiir Puutin ammaan tanatti Yukireen irratti haleellaa bal'aa raawwachuun nu hin barbaachisu jedhan. Puutin kana kan dubbatan, guyyoota muraasa darban Yukireenitti waraanni erga banamee asitti haleellaa boombii garmaalee hamaa ta’e raawwachaa turuu hordofuun. Puutin iddoowwan haleeluuf karoorsine ''harka caalaa haleelleerra, kanarra Yuukiren balleessuuf kaayyoo hin qabu,'' jedhan Puutin. Kanatti dabaluun, Puutin kaayyoon Raashiyaan dhiirota 300,000 loltummaaf gurmeessuu torban lama keessatti galmaan geenya jedhan. Pirezedantiin Raashiyaa Vilaadmiir Puutin kana kan dubbatan, Yuukireen erga weeraranii ji’oota saddeet kan dhiyaate yoo ta’u, ammatti loltoonnisaanii akka jabduutti Yukireen keessatti danqamaniiru. Magaalaa guddoo Kaazaakistaan Astaanaatti yaa’ii hoggantoota naannicharratti erga hirmaatanii booda gaazixeessitootatti wayita dubbatan, Yuukreenitti iddoowwan haleeluuf itti akeekne 29 keessaa 22 hunkuteessineerra, iddoowwan torban hafan waraanni keenya ni haleela,’’ jedhan. Kana booda haleellaa baayyeen hin barbaachisu, waan galmaan geenyu kan biraalle qabna,’’ jedhan. Puutin Raashiyaan dhimmitee Yukireen balleessuu hin barbaaddu, garuu Yuukireen weeraruu keenyatti hin gaabbinu jedhan. ''Waanti amma ta’aa jiru laaffisuuf haala gaariirra hin jiru,’’ jedhan. ''Taatullee yeroo kamiyyuu yoo Raashiyaan hin haleelamne haaluma walfakkaatu keessa turra,’’ jedhan. ''Kanaafuu waan hunda sirnaa fi yeroo isaatti raawwachaa jirra,’’ jedhan Aab Puutin. Pirezedant Puutin dhiroonni 220,000 amma yoonattii loltummaaf gurmeeffamuu kan eeruun yoo ta'u, isaan keessaa 16,000 lolaatti bobbaafamaniru jedhan.
Pirezedant Puutin dhiroonni 220,000 amma yoonattii loltummaaf gurmeeffamuu kan eeruun yoo ta'u, isaan keessaa 16,000 lolaatti bobbaafamaniru jedhan. Puutin kana haa jedhaniyyuu malee, namoonni lolaaf akka gurmaaa’an waamichi dhiyaate booda Raashiyaatti mufii uumee dhiiroonni kuma kudhanitti lakkaa’aman biyyoota ollaatti baqataniiru. BBC’n ragaan argate akka agarsiisutti lenjii salphaa qoftii akka kennamu, namoonni gurmeeffaman otoo leenjii gahaa hin argatiin dirree waraanatti ergamu. Kun otoo haala kana jiru BBC Tajaajilli Raashiyaa, loltoota biyyattii 7,500 kanneen waraana Yuukireen irratti du’an adda baasera. Namoonni lola kanaarratti miidhaman ragaa sirriin kanaa ol ta’a jedhamee kan amanamu. Sirumayyuu loltoota haaraa gurmeeffaman keessaa muraasni ajjeefamuusaanii gabaasni agarsiisu baheera. Puutiin hariiroo biyyoota Gamtaa Raashiyaa durii kanneen biroo waliin qabaachaa jiran wayita dubbatan, waraanni Yuukireenitti gaggeessaa jiran’’amala isaanii’’ hin miine jedhan. Biyyoonni muraasni yaadda’uun kanuma jiru, garuu odeeffannoo bal’aan kenneefiin jira jedhan. Xinxaltoonni akka jedhanitti garuu, dhiibbaa Raashiyaan naannichatti uumaa turte gadi hir’ateera. Hoogganaan Kaazakistaan Kaassiyim-Jomaart Tokaayiv dhimma waraana Yukireen ilaallaturratti Puutin irraa hiiquuf dhama’aa turan.
Gatiin boba’aa akka dabalu ykn hir’atu wanti taasisu maal? Eenyu murteessa? Bara darbe baatii Ebla keessa biyyoonni addunyaa boba’aa adda durummaan biyya alaatti ergan kora taa’anii ture. Ajandaan mariisaaniis gatii jikkita boba’aa irratti hir’achuu akka qabaaturratti kan xiyyeeffate ture. Gatiin boba’aa yeroo ammaa kan baroota saddeettan darbaniin hunda kan caaluudha. Biyyoonni boba’aa biyya alaatii galchuun fayyadamanis, biyyoonni boba’aa oomishuun alatti ergan (Opec+) akka omishasaanii dabalaniif kadhataniiru. Haata’u malee, biyyoonni boba’aa omishan gurguddoonni kadhannaa kanaaf kan gurra kennan hin fakkaatan. Siriiyyuu hanga boba’aa guyyaan oomishamuu barmeelii miiliyoona lamaan hir’isuuf waliigalan. Raashiyaa dabalate miseensoonni biyyoonni boba’aa oomishanii gatii boba’aa dabaluuf tarkaanfii fudhataa jiru. Bara darbe keessa gatii boba’aa hanga tokko kan hir’atee ture yoo ta’u, Raashiyaan Yukireen weeraruun wal qabatee gatiin ol ka’e. Gabaa addunyaa irratti boba’aan hin qulqulloofne meeqaan haa gurguramu jedhanii murteessuuf marii gaggeessu. Biyyoota marii kana keessatti argaman keessaa 13 Baha Giddu-galeessaafi Afriikaatti argamu. Opec+ dura wayita bara 1960mota keessaa Opec hundeeffamu, kaayyoonsaa gabaa boba’aa addunyaa karaa qabachiisuuf ture. Har’a garuu boba’aan addunyaa parsantaan 30 kan oomishamu biyyoota miseensa Opec kenneeniin. Sawud Arabiyaan guyyaatti boba’aa barmeelii miiliyoona 10 oomishuudhaan dursaa jirti. Bara 2016tti gatiin jikkita boba’aa addunyaarratti baayyee gadi bu’ee ture. Yeroo kanattis Opec biyyoota boba’aa oomishan kan biraa 10 waliin walitti makamuun Opec+ kan hundeesse.
Miseensoonni waldaa kanaatiis boba’aa hin qulqulloofne addunyaa harka 40 oomishu. Insititiyuutii Annisaa keessa kan hojjattu Keetii Dowuuriin ‘‘Opec+ gabaa tasgabbeessuuf jecha fedhiifi dhiyeessitii wal simsiisa’’ jetti. ‘‘Fedhiin boba’aa yoo gadi bu’uu, dhiyeessitiin boba’aa akka hir’atu taasifamuun gatiin dabalama’’ jechuun ibsiti. Oomisha boba’aa baayyee dhiyeessuun gatii gadi buusuun akka danda’amus ni kaafti. Miseensoonni waldaa omishitoota boba’aa wagga lamaan dura Ostiriyaa Veenaa keessatti wal arguun, Hagayya darbe irraa kaasee hanga boba’aa guyyaatti omishamuu barmeeliin miiliyoona lamaan akka hir’atuuf walii galan. Kanaanis omishni guyyaasaanii barmeela miiliyoona 42 gadi akka ta’u murteessan. Murteen kunis Onkoolooleessaa bara 2022 kana irraa qabee hojiirra oola. Kanaanis hanga boba’aa hir’ifamuu waliigalatti omisha boba’aa harka lama kan qabatu yoo ta’u, kan eegamuun oliidhas jedhameera. Kunis miseensoonni omishitoota boba’aa erg abara 2020 asiitti hir’isa omisha boba’aa irratti taasisan isa olaanaadha jedhameera. Yeroo weerarri koronaa mudatee tureetti biyyoonni miseensoota walaa omishitooti boba’aa hirisni taasisan isa olaanaa ture jedhameera. Yeroo sanattis oomisha boba’aa guyyaatti barmeela miiliyoona sagalii ola hir’isuuf murteessanii ture. Murteen sunis kan dabarfame gatii boba’aa dabaluuf ture. Yeroo sanatti gatii boba’aa kan irra ture doolaara 122 irraa gara doolaara 90 gadi bu’ee ture. Oomisha boba’aa hirisuuf murteen yoo dabarfamu gatiin isaa ni dabala. Yoo gatiin boba’aa dabalu ammoo addunyaa guutuu irratti qaala’iinsa uuma. Ameerikaan waldaa omishitoota boba’aa akka omisha hin hir’ifneef gaafattee jirti.
Gatiin boba’aa gadaanaa yoo ta’e galiin Raashiyaan argattus ni hir’ata jechuudha. Waayit Hawus murtee waldaa biyyoota omishitoota boba’aa kanas ‘‘murtee haalaa yeroo dheeraa xiyyeeffannaa keessa hin galchine’’ jechuun qeeqe. Hagayya darbe pirezidantiin Ameerikaa gara Sawud Arabiyaatti imaluun ilma mootii Mohaammad Biin Saalmaan waliin dhiyeessitiin omisha boba’aa akka dabaluuf gaafatanii ture. Haata’u malee, gaaffiin isaanii kun fudhatama hin arganne. Haaluma walfakkaatuun Ministirri Mummee duraanii Yunaayitid Kingdam Booriis Joonsanis Sawud Arabiyaafi Yunaayitid Arab Emireets omisha boba’aa akka dabalaniif gaaffii dhiyeessanilleen hin milkoofneef. Waggaa laman dura wayita kooviidi mudatetti biyyoonnis karrasaanii wayita cufataniitti, jikiti boba’aa kan bitu dhabuun gatiinsaa garmalee gadi bu’ee ture. ‘‘Omishitoonni boba’aa omisha saanii gurgurachuuf warra bitaniif maallaqa kennaa turan. Omishtoonnis bakka omish itti kuusan dhabanii ture’’ jetti Keetii Dowuriin kan Insititiyutii Annisaa keessaa hojjttu. Waldaan biyyoota boba’aa omishaniif hanga boba’aa guyyaatti omishamuu barmeela miiliyoona kudhaniin hir’isuuf kan murteessanis gatii kana ol kaasuuf ture. Isaan boodas fedhiin boba’aa wal jalaan dabalaa waan adeemeef suuta suutaan omisha dabalaa dhufan. Raashiyaan wayita Yukireen weerartetti ammoo agtiin jikita boba’aa barmeelaatti doolaara 100 ta’e. Qoqqobbaawwan idil-adunyaa Raashiyaa irra kaa’ame ammoo omisha boba’aa irratti dhiibbaa taasisa jedhamuun yaadda’amaa jira. Gatiin boba’aa gadi bu’aa jiru akka ka’uuf waldaan biyyoota omishitoota boba’aa omishasaanii hir’isuuf murteessuun dhagahameera. Jikkiti boba’aa Raashiyaa barmeeliidhaan yeroon itti doolaara 30 olitti gurgurame hin turre.
Jikkiti boba’aa Raashiyaa barmeeliidhaan yeroon itti doolaara 30 olitti gurgurame hin turre. Dhuma Fulbaanaatti doolaara 20tti gadi bu’ee ture. Biyyoota lixaa Raashiyaa irra qoqophhii kaa’an waliin kan walii hin taane Indiyaa fi Chaayinaan ammaan tanas oomisha boba’aa Raashiyaa gara wallaakkaa ta’u bitaa jiru. Kanaanis Raashiyaan biyya Chaayinaaf boba’aa olaanaa dhiyeessitu taatee jirti. Kanaan dura Chaayinaan irra jiraa boba’aa Saawud Arabiyaa irraa bitaa turte. Bitooteessa keessa Chaayinaa fi Indiyaan hangi boba’aa Raashiyaa irraa bitan, kan biyyoota miseensoota Gamtaa Awuroopaa 27 ol caalaa. Kanaanis baatii Onkolaaleessaattis, Gamtaan Awurooppaa oomisha jikkita boba’aa Raashiyaa irratti qoqophaa kaa’uuf karoorfateera.
'Waraanni NATO Yukireen keessatti nu lolaa jiru' - Raashiyaa Yukireen keessatti gareen waraanaa "ajaja biyyoota Lixaa jala jira jiru" jechuun pirezidaantin Raashiyaa Vilaadmir Putiin dubbatan. Miidiyaa hawaasummaa fi TV Raashiyaa irratti loltoonni NATO waraana Yukireen keessatti gaggeeffamaa jiru irratti sirriitti hirmaataa jiru oduun jedhu bal'inaan dhagahama. Biyyoonni miseensa NATO ta'an meeshaalee waraana fi deeggarsa lojistikii Yukireenif taasisan waraanni isaanii qaaman Yukireen dhaqee akka hin lolle dursanii himanii turan. Loltoonni NATO waraana Yukireen keessatti gaggeeffamaa jiru irratti hirmaachun na lolaa jiru jettee komii Raashiyaan dhiyeessitu dhugaa fi soba ta'uu isaa mirkaneessuf BBC'n ragaalee dhiyaatan qorateera. Pirezidaant Putiin Fulbaana 21, 2022 haasaa taasisaniin, "Mootummaan Kiiv humna wanbadee lammiilee biyya alaa haaraa fi garee loltootaa gulantaa NATO tiin leenji'anii fi ajaja gorsitoota biyyoota lixaa jala jiraniin haleellaa banee jira" jedhan. Loltoonni humnoota alaa loltoota Yukireenitti dabalamaa turuun isaanii beekamaadha. Haa ta'u garuu anga'oonni fi miidiyaalen Raashiyaa loltoonni Yukireen keessaatti lola irratti hirmaataa jiru jechuun himatu. Fulbaana 13, 2022 gazexeessaa Channel One kan ta'e Raslan Ostaashko, "Loltoonni Yukireen fakkeessumaaf, suura fa'aa ka'anii TikTok irratti maxaansuuf achi jiru malee kan lolaa jiru loltoota NATOti" jedhe. Gaazexeessan kun sagantaa keessummoota affeerun dhiyeessu irratti suurawwanii fi viidiyoo miidiyaa hawaasaa irraa walitti qabuun loltoonni NATO Yukireen keessatti lola irratti hirmaachuu isaanif "ragaadha" jedhee dhiyeessaa ture. \n\nOduu himaa bulchiinsa Luhansk People's Republic (LPR) kan ta'e Andiree Marochko, "Loltoonni NATO idileenbi naannoo Khaarkiv keessa qubsiifamuu isaanii tikni keenya bira gaheera" jechuun Tajaajila Oduu Raashiyaa (RIA)tti hime.
"Kaayyon naannoo kana buufachuu isaanii loltoota Yukireenif fi kan biyyoota birootti qindoomina tolchuudhafi" jedhe. Akkasumas hoggantoonni waraanaa NATO bulchiinsa Doneetisk keessatti kan argamtu Kiramatoosk keessatti akka argaman televizyiinii Raashiyaatti hime. Himanni kan biraa ammoo loltoonni biyyoota biraa waraana Yukireen keessatti hirmaachuu isaani yoo ta'u kallattiin osoo hin taane al-kallattiidhan NATO wajjin kan walqabsiifameedha. Fakkeenyaf, Tajaajila Oduu Raashiyaa (RIA)tif barreessun kan beekamu Vilaadmir Kornilov, Iziyuum "bilisa" baasudhaaf namoonni afaan Ingiliffaa dubbatan heddu dhufanii akka turan viidiyoowwan garaa garaatu jira jechuun dubbate. Loltoota biyyoota garaa garaa irraa dhuunfadhaan gara Yukireen deemanii fi loltoota NATOn bobbaase gidduu garaa garummaa jiru baruun gaariidha. Miidiyaalen Raashiyaa loltoonni NATO waraana Yukireen keessatti hirmaachuu isaanif ragaan isaan dhiyeessan tokko illee hin jiru. Kan isaan jedhan loltoota biyyoota garaa garaa irraa dhuunfadhaan dirree waraanaa irratti hirmaataniidha. Loltoota sagantaa TV Vremya Pokazhet irrratti dhiyeeffaman keessaa tokko loltuu humna galaanaa US duraanii kan ture nama Malkoom Naansi jedhamu yoo ta'u ji'oota muraasa asi Yukireen keessatti viidiyoo of-waraabun gadi lakkisa. Viidiyoowwan akka ragaatti sagantaa TV Raashiyaa irratti xiyyeeffannoon itti kenname keessaa yeroo loltuun US kun viidiyoo irratti rookkeettin yeroo dhuka'u agarsiisudha. Malkoom Naansi tiwitara irratti hordoftoota miliyeena tokkoo ol kan qabu yoo ta'u sochiin inni Yukireen keessatti taasisu waan icciitii waan fakkaatu miti. Yeroo ammaa kana Waraana US keessatti tajaajila kennaa hin jiru, ji'a Eblaa keessa ifatti Waraana Yukireenitti makamuu ibse. Namni kan biraa miidiyaa hawaasaa deeggartoota Raashiyaa irratti akka ragaatti dhiyaate ammoo, lammii US Rob Rooy Leen jedhamuudha.
Namni kan biraa miidiyaa hawaasaa deeggartoota Raashiyaa irratti akka ragaatti dhiyaate ammoo, lammii US Rob Rooy Leen jedhamuudha. Innis loltoota Yukireen waliin ta'uudhan viidiyoowwan heddu miidiyaa hawaasaa irratti maxxansa. Viidiyoowwan kun ammoo miidiyaa hawaasaa deeggartoota Raashiyaa irratti bal'inaan qoodameera. Namni kun kanan dura muuxannoo loltummaa qabaachuu isaaf ragaan onlaayinii homtuu hin jiru. Humna waraabaa Ameerikaa keessatti hirmaachuu isaa adda baasuf gaaffii dhiyaatef Ministeerri Ittisaa US deebii hin kennine. Fuula miidiyaa hawaasaa isaa gubbaatti lammiilee Biriitish lama dabalatee namoonni heddu akka isa wajjin hirmaatan maqaa dhahee viidiyoo gubbaatti gadi lakkisa. Ministeerri Ittisaa UK waa'ee loltoota biyyattii kanaan dura miseensa waraanaa ta'anii fi sochii isaan dirree waraanatti taasisan ilaalchisee homaa yaada kennuu akka hin barbaanne ibse. Biyyooni miseensa NATO ta'an deeggarsa meeshaalee waraanaa ammayyaa fi loojistikii Yukireenif gochaa jiru. Biyyoota kanneen keessaa harka guddaa deeggarsa waraanaa Yukireenif kennaa kan jiru US dha. \n\nDeeggarsi meeshaalee waraanaa biyyoonni NATO Yukireenif kennaa jiran, milkaa'ina biyyattiin yeroo dhiyoo as Raashiyaa irratti argataa jirtuuf gahee guddaa akka taphatetu himama. Dhimma tikaa fi bakkeewwan haleelamuu qaban adda baasuu irratti NATOn deeggarsa Yukireenif kennuu akka hin oolle miidiyaalen biyyoota lixaa ni tilmaamu.
Pirezidaantiin Yuukireen Zeelenisikiin adunyaan Raashiyaa 'akka adabduuf' gaafatan Pirezidaantiin Yukireen Volodimiir Zelenskii Yaa'ii Waliigala Mootummoota Gamtoomanii kan Niiw Yookiitti gaggeeffamaa jiru irratti Raashiyaan weerara raawwatteef ''adabamu qabdii'' jedhan. Haasaa viidiiyoo dura waraabameen taasisaniin, hogganaan Yukireen kun akka dhaddachi waraanaa addaa hundeeffamuu- gaafatanii himannaa yakkaa Raashiyaan raawwatmera jedhanis tarreessaniiru. Akkasumas deeggarsa waraanaa dabalataa fi Raashiyaan waltajjii addunyaa irratti akka adabamatu gaafachu dabalate 'tarsiimoo' nageenyaas kaaseera. Haasaan isaa kunis hirmaattoota walgahichaa baayyee irraa simannaa gaarii argate. Haasaa baniinsaa isaa kaanis Aab Zelenskiin Raashiyaan 'waraana seeraan alaa' isheetiin badii olaanaa qaqqabsiifteetti jirti jechuun himatan. Haasaan Zelenskii kunis guyyaa walfakkaataa hogganaan Raashiyaa Vilaadmiin Putiin loltoota of eeggannoo 300,000'f waamicha itti taasiseetti dhagahame. Sababii waamicha kanaatinis mormiin daandiiwwan Raashiyaa irratti taasifamee ture. Zelenskiin tarkaanfiin Raashiyaa ammaa kunis diinnisaa waa'ee marii nageenyaatiif fedhii akka hin qabne agarsiisa jedhe. Akkasumas labsii Raashiyaan eddoowwan dhiheenya qabattee keessatti rifarandamii gaggeessuuf labsitees balaalleeffateera. Karoorri Raashiyaa kun guyyaa Kibxataa Mootummoota Gamtoomanis balaaleeffatameera. Dhaddacha addaa hundeessuun Mooskoon daangaa hatuufi namoota kumaatama ajjeessuu isheetiif itti gaafatamtu taasisuuf ni gargaara, jedhan Aab Zelenskiin. \nEddoowwan dhiheenya kana harka Raashiyaatii deebiifaman Izyum keessatti eddoowwan awwaalchaa haaraan 445 argamuu kaaseera. Aab Zelenskiin yakkawwan waraanaa magaaloota keessatti raawwaman, kan akka nama qaamni irraa muramuun booda ajjeefamee dabalatee, himannaawwan yakkaa Raashiyaan raawwataman jedhe tarreesseera.
Aab Zelenskiin yakkawwan waraanaa magaaloota keessatti raawwaman, kan akka nama qaamni irraa muramuun booda ajjeefamee dabalatee, himannaawwan yakkaa Raashiyaan raawwataman jedhe tarreesseera. ''Loltoonni Raashiyaa maaliif dhiiroota qaama isaanii muruu amaleeffatanii?'' jechuun gaafate. Haasaa Zelenskiin taasisee kana keessatti addunyaan ''addabbii'' kaa'u qabdi jechi jedhu yeroo 15 kaafameera. Raashiyaan gochaa isheetiif addabamuu qabdi kan jedhan Zelenskii, karaa addabbiiwwan dabalataa fi Mootummooti Gamtooman gahee olaantummaa Mooskoon Miseensa Mana Maree Nageenya keessatti karaa dhaabbataatiin qabdu akka irraa mulqamu gafate. Akkasumas lubbuun lammiilee Yukireen akka eegamuuf waamicha kan taasise yoo ta'u, daangaan biyyattii addunyaan beekkamtii qabuuf akka ittifamuuf gaafateera. Addunyaanis tokkummaan waraana Mooskoo akka balaaleeffatuuf gaafateera. Gaafa Roobii ammoo, Dureen Imaammata Biyya Alaa Awuurooppaa, gamtichi Raashiyaa irra qoqqoophaa haaraa kaa'uuf waliigalaniiru jedhee ture. Jooseef Booreel gaazexessitootatti akka himaniitti qoqophaa haraan kunis kan namoota dhuunfaa Raashiyaafi kutaalee diinagdee biyyatti irratti xiyyeefatu ta'a jedhan.
'Eenyun firoomfachuu akka qabnu nutti himamuu hin qabu' - Ramaposaa Pirezidantiin Afrikaa Kibbaa senaataroonni Yunaayitid Isteetis wixinee seeraa dhiibbaa Raashiyaan Afrikaa keessatti qabdu morkachuuf as bahu akka morman waamicha taasisan. Siriil Raamaaposaan tibbana gara Ameerikaa imaluun pirezidantii biyyattii Joo Baayidan waliin dhimmoota adda addaa irratti wal arganii mari’ataniiru. Wixineen seeraa dhiibbaa Raashiyaan Afrikaa keessatti qabdu laaffisuus yaade jedhame kana Raamaaposaan qeeqaniiru. Wixinichi biyyoota Afrikaa hubuu mala jechuun yaadda’an. Afrikaaf Ameerikaanis Raashiyaanis michuudha jechuun Baayidaniif himan. Bulchaan Afrikaa Kibbaa viidiyoo Tiwiitara gubbaa qoodaniin ''Eenyu waliin akka michoomnu nutti himamuu hin qabu. Eenyu michuu keenya akka ta’e haala filannu keessa kaa’amuu hin qabnu,’’ jedhan. Yoo labsiin kuni ragga’e ija Ameerikaan biyyoonni Afrikaa Raashiyaa bira dhaabbataniifi dhiibbaan ishii akka guddatu taasisan jedhaman qoqqobbiin irra ka’ama. Kaayyoon biraa labsii kanaa Raashiyaan albuuda Afrikaa keessaa baastun waraana ishii Yukireen keessaa jiran akka hin tumsine gochuudha. Raamaaposaan garuu eenyuyyuu abbaa waliin michoomtu itti himu jiraatuu hin qabu jechuun qeeqan. Baatii tokko dura dhiibbaa Raashiyaan Afrikaa irratti qabdu laaffisuuf kaayyeffateen Ministirri Dhimma Alaa US Antonii Biliinkan Afrikaa Kibbaa dabalatee daawwataniiru. Daawwannaan isaanii sun erga Ministirri Dhimma Alaa Raashiyaa Sargeey Laavrov biyyoota Afrikaa daawwatan booda kan raawwate ture. Raashiyaan Yukireen weeraruu booda biyyoonni Lixaa biyyoonni Afrikaa Raashiyaa akka balaaleffatan gaafataa turan. Dhimma kana irratti biyyoonni Afrikaa lamatti qoodamani. Afrikaan Kibbaa biyyoota waraana Raashiyaan Yukireen irratti banteen kanneen ifatti hin mormine keessaati. Akka muraasni jedhanitti wixineen akka bahuf sababoota ta’an keessaa toko biyyoonni Afrikaa hedduu weerara Raashiyaan Yukireen irratti raawwatte mormuu dhabuu isaaniiti.
Akka muraasni jedhanitti wixineen akka bahuf sababoota ta’an keessaa toko biyyoonni Afrikaa hedduu weerara Raashiyaan Yukireen irratti raawwatte mormuu dhabuu isaaniiti. Ameerikaan qindoomina idil-addunyaa Raashiyaarratti qoqqobbii kaa'uf kaayyeffateefi Yukireen meeshaa waraanaa akka argattu taasisu dursaa jiru. Haa ta’u malee, qoqqobbii biyyoonni Lixaa Raashiyaarra kaa’aniin biyyoonni Afrikaas hubamaniiru. Gatiin boba’aa, midhaaniifi kaan sadarkaa addunyaatti guddate. Sababa farra-Appaartaayidiin Raashiyaa waliin hariiroo jabaa kan qabdu Afrikaan Kibbaa garuu waraanichi karaa nagaan akka furamu barbaaddi. Raashiyaan gatii boba’aa gatii gad-aanaan akka gurgurtu Afrikaan Kibbaa akka ishee amansiistu Ameerikaan ni barbaaddi. Afrikaan Kibbaa waraanichi marii UN’n durfamuun malee qoqqobbii biyyoota Lixaan akka hin furamne feeti. Waraanni Raashiyaafi Yukireen gidduu erga eegalee ji’a torba ta’uuf deema.
Putiin hogganaa Ittaanaa waraanaa hojiirraa ari'ate Pirezidaantiin Raashiyaa Vilaadmiir Putiin Janaraala waraanaa ittigaafatamaa loojestikii waraana Raashiyaa oppareshiinii Yukireen keessatti gaggeeffamuu hojiirraa ari'ate. Janaraal Dimitirii Bulgaakoov, Ittaanaa Ministira Raayyaa Ittisa biyyattii yoo ta'an aangoosaanii irraa Sambata kaafamu Ministeerri Raayyaa Ittisa biyyattii fuula Telegraamii irratti beeksiiseera. Ministeerichi ibsa isaa kanaan gaheessi umuriin waggaa 67 kun gahee haaraatti dabarfamuuf ''gadhiifamaniiru'' jedhe. Namni kun magaalaa qarqara galaanaa Maaruupoolitti duula godhamu hoogganaa turan Koleeneel Janaraal Mikhaa'il Mizintsev'n bakka bu'uu jedhameera. Janaraa Bulgaakoov bara 2008 irraa kaasee oppareeshiniiwwan loojeestikii waaraanaa hogganaa kan turan yoo ta'u, looltoonni Raashiyaa erga bara 2015tti Siiriyaa keessatti bobbaafamaniin boodas isaanitu dhiyyeessiif ittigaafatamaa turan. Haata'u malee kanneen dhimmicha itti dhiheenyaan hordofan akka jedhaniitti, baatiiwwan muraasaa asi loltoonni Raashiyaa dhiyeessii gahaa dhabuun komii baayyee irratti kaasaa turan. Baatiiwwan muraasa keessatti, Kiremiliin Koriyaa Kaabaa fi Iraan- miichoota ishee lamaan hafa irraa meeshaalee waraanaafi dhiyeessii dirooniitii bitachuuf dirqamuun himame. Janaraal Bulgaakov hojiirraa kaafamuun kan dhagahames, looltoonni haaraan Raashiyaa meeshaa waraanaa ligidaa'aa hidhachuun miidiyaa hawaasaa irra erga naannawu eegaleen booda ture. Kanneen Raashiyaa keessatti waraanicha deeggaranis hojiirraa hari'atamu janaraalichaatti kan gammadan yoo ta'u, Janaraal Mizintsev kan Maaruupool ugguruudhaan gahee ajajummaa baheera jedhamuun UKn qoqqophaan irra kaa'ame mudanuun kan simatamu fakkaata. Janaraal Mizintsev kan amma Maaruupool keessatti ajjeechaa namoota hedduutiif Yukireenotaan himatamu, Siriyaa keessattis waraana Raashiyaa dursuun haleellaa sukkanneessaa boombii magaalaa Aleeppoo gaggeessuun himatama.
Janaraal Mizintsev kan amma Maaruupool keessatti ajjeechaa namoota hedduutiif Yukireenotaan himatamu, Siriyaa keessattis waraana Raashiyaa dursuun haleellaa sukkanneessaa boombii magaalaa Aleeppoo gaggeessuun himatama. Waajjiri Dhimma Alaa UK tibba Bitooteessa keessa qoqqophaa gaheessa umuriin waggaa 60 kanarra keesseetti, Yukireeniifi Siriyaa keessatti ''ajjeechaawwan sukkanneessaa raawwachuun'' jechuun hiammattee turte. Tarkaanfiin hoggannaa jijjiruu Raashiyaa kunis kan dhagahame erga Aab Putiin ofumaan sochii waraanaa ittigaafatamummaa fudhachuun janaaroota Yukireen keessatti argamaniif ofiisaatiin ajaja dabarsaa jira jedhu gabaasaaleen. Qondaaltoonni Ameerikaa CNN'tti akka himaniitti, ''caasaan ajajaa rakkoo qabaachuun'' Mooskoo keessatti Putiin akka ofiin waranaa keessatti si'ominaan hirmaatu dirqisiise jedhan.
Raashiyaan duula waraanaa haaraaf waamicha goote mormuun dhibbootni hidhaman Duula waraanaa haaraa Raashiyaa waamte mormuun kanneen hiriira bahan keessaa dhibbaan kan lakkaawwaman aanga'ootaan to'atamuu dhaabbileen mirgaaf falman beeksisan. Dhaabbilee kanneen keessaa tokko kan ta'e OVD-Info magaalota Raashiyaa 32 irraa namootni 724 Sanbata xiqqaa hidhamuu gabaase. Vilaadmiir Puutiin waraana Yukireeniin walqabatee loltoota dabalataa 300,000 duulchisuuf waamicha gochuu hordofee mormiin kutaalee biyyattii adda addaatti gaggeefamuu eegale. Hiriirri hayyama hin arganne seera Raashiyaan dhorkamaadha. Putiin karoora dargaggoo haaraa gara loltummaatti guuruuf karoorri baasan magaalota hedduu keessatti mormii kaaseera. Torbee darbee keessa mormii eegaleen namootni 1,000 ol qabamaniiru. Mooskootti kan argamu AFP dubartii osoo ''nuti hirbaata rasaasaa miti'' jettee iyyituu to'annoo jala oolfamuu gabaaseera. Magaalaa guddoo lammaffaa Raashiyaa Seenti Piiterisbeergitti ammoo dargaggoon biraan ''Putiiniif jedhee waraanatti hin duulu'' jedhee dubbate. Maanguddoon ganna 70 Nataalii Duboovaa dargaggootaaf adda waraanatti imalaniif ''sodaan qaba'' jechuun AFP'tti himte. Namoota qaamolee nageenyaan to'ataman keessaa gariin waraqaan itti kennamee gidduugala loltoota haaraa qacaramu dhaqanii akka galmaahan itti himamaa jiraachuunis dhaagahameera. Kireemliin gocha seera qabeessa qofa raawwachaa akka jiru torbee darbe ibseera. Mooskoon seera adabbii haaraa kanneen gaafatama isaanii hin bahanne adabu labsuuf wixinee qopheessisteetti. Putiin Sanbata xiqqaa darbe loltuu osoo harka kennuu qabamee, loluu didee ykn waraanicha keessaa hayyama malee bahe hanga hidhaa waggaa 10 adabuuf wixinee qophaaye irratti mallatteessaniiru.
Putiin Sanbata xiqqaa darbe loltuu osoo harka kennuu qabamee, loluu didee ykn waraanicha keessaa hayyama malee bahe hanga hidhaa waggaa 10 adabuuf wixinee qophaaye irratti mallatteessaniiru. Putiin itti dabaluun lammii biyy alaa kamuu waraana biyyattii waggaa tokkoof tajaajileef lammummaa akka kennanis labsaniiru. Labsiin kun Mooskoon hangam takka hanqina loltuu qabaachaa akka jirtu agarsiisa jedhanii labsichi lammummaa kennuuf amma dura nama yoo xiqqaate waggaa shaniif biyyattii jiraate jechuun labsee bahee ture faallaadhas jedhu. Bakka kaanitti ammoo dargaggoon waraanatti duulchifamuu miliquuf karaa daangaa biyyaa baqachaa jira.
Mikaa'el Gorbaachev: Gaggeessaan dhumaa Sooviyet Yuuniyeen boqote Gaggeessaan dhumaa Sooviyet Yuuniyeen Mikaa'el Gorbaachev umurii waggaa 91tti du’aan boqote. Gorbaachev Waraana Ololaa (Cold War) akka xumuru gochuu keessatti gahee guddaa taphate jedhama. Bara 1985tti aangoo qabachuun Gamtaa Sooviyeetii (USSR) biyyoota lixaa wajjin akka walitti dhuftu gochuun jijjiirama garaa garaa fidee ture. Haa ta’u garuu Gamtaa Soviyeetii gargar caccabuu irraa hin oolchine jedhamee komatama. Du’a isaa kana hordofee dureewwan biyyoota fi dhaabbilee garaa garaa gadda isaanii ibsataa jiru. Barreessaa olaanan Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii Antooniyoo Gutareez, “inni nama seenaa jijjiiredha” jechuun jajan. Fuula Tiwiitara isaanii irratti gadda ibsataniin, “Mikhaayil Gorbaachov namoota biyya gaggeessan keessaa nama addaa ture.” Itti dabaluunis, “Addunyaan gaggeessaa beekamaa fi nama yaadota garaa garaa simachuuf kutataa fi yeroo hunda nagaa buusuf dhama’u dhabde” jedhan. Hospitaalli inni itti du’e akka jedhetto Gorbaachov yeroo dheeradhaaf dhukkuba cimaadhan rakkataa ture. Fayyaa dhabee erga hospitaalatti deddeebi’aa ture. Dhibee kaleetin qabamee rakkataa akka ture miidiyaalen gabaasanii turan. Haa ta’u garuu sababni du’a isaatii hin ibsamne. Pirezidaantin Raashiyaa Vilaadmir Puutin gaddi guddaan akka itti dhagahame oduu himaan isaa Dimitrii Peeskoov miidiyaa biyyattiitti hime. Pirezidantin US Joo Baayidan gama isaanitiin Gorbaachov gameessa siyaasaa bara Waraana Ololaa sana “ilaalcha fuulduree gaarii qabaachun ni danda’ama jechuu danda’eedha” jedhe. Pirezidaantin Gamtaa Awurooppa Ursula von der Leyen ammoo inni “gaggeessaa amanamaa fi kabajamaa Awurooppan akka bilisa taatuf karaa baneedha” jechuun isa jajje.
Pirezidaantin Gamtaa Awurooppa Ursula von der Leyen ammoo inni “gaggeessaa amanamaa fi kabajamaa Awurooppan akka bilisa taatuf karaa baneedha” jechuun isa jajje. Muummeen Ministeeraa UK Booris Joonsan jabinaa fi kabaja Gorbaachev qabu akkanatti jajan: "Puutin waraana Yukireen irratti bana, inni garuu hawaasa Soviyeetif balbala banuudhan hunda keenyaf fakkeenya." Gorbaachev bara 1985tti barreessaa olaanaa Paartii Komunistii Sooviyeetii ta'uun Gamtaa Soviyeetii bulchuu eegale. Gorbaachev namoota sirna siyaasa addunyaa irratti dhiibbaa godhan qubaan lakkaa'aman keessaa isa tokkoodha. Gaafa aangotti dhufu, biyyoota Baha Awurooppaa Gamtaa Soviyeetii jalatti humnaan bulaa turan diiguf hin turre. Inumaayyuu cimsee itti fufuuf ture. Osoo hin turin diinagdeen Sooviyeetii raafamuu eegale. Gorbaachev waa'ee to'annoo meeshaalee waraanaa irratti US waliin walii gale. Biyyoonni Baha Awurooppaa fincila sirna bulchiinsa Komunistii irratti fincilan gidduu galuu hin barbaanne. Waraana biyyi isaa Afgaanistaan weeraruun hanga bara 1979tti itti fufe akka dhaabatu gochuu keessatti gahee guddaa qaba. Namoonni sirna komunizimii leellisan bara 1991tti fonqolca mootummaa isaa irratti yaaluu hordofee Gamtaa Soviyeetii diiguf walii galee aangoo gadi lakkise. Waraanni Ololaa akka xumuramu gochuu isaati biyyoota lixaa biratti akka nama seenaa hojjateetti ilaalama. Wal gaarreffannaa biyyoota lixaa fi bahaa gidduu jiru tasgabbeessuu keessatti shoora tapahateef bara 1990tti Badhaasa Nagaa Nobeelii argatee ture. Bara 1991tti Raashiyaan ammaa kun yeroo uumamtu Gorbaachev gahee siyaasa keessatti qabu xiqqeessun hojii barnoota fi namoomaa irratti xiyyeeffachuu eegale. Haa ta'u garuu bara 1996tti aangotti deebi'uu barbaadee filannoo pirezidaantummaa gaggeeffameen sagalee 0.5% qofa argate.
Raashiyaan buufata anniisaa nikularaa lama Hangariitti ijaaruf Raashiyaan buufata anniisaa nikularaa maddisiisu lama Hangaarii keesatti torbee lamaan booda ijaaruu akka eegaltu ministeerri dhimma alaa Hanagarii beeksise. Buufata kana kan ijaara dhaabbata anniisaa nikularaa Raashiyaa guddicha Rosatom jedhamuun beekamuudha. Walii galteen 'Buufata anniisaa Paaks' jedhamu kan duraan ture babal'isuu Raashiyaa fi Gamtaa Awurooppaa (EU) gidduutti kan gaggeeffame bara 2014tti ture. Waraana Raashiyaan Yukireen irratti bante hordofee biyyoonni Gamtaa Awurooppaa Raashiyaa irra qoqqobbii garaa garaa kaa'anii turan. Haata'u garuu, industiriin nikularii Raashiyaa irra qoqqobbii hin keenye. Yeroo ammaa buufanni anniisaa nikularaa Paks irraa Hangariin anniisaa elektirikaa dhibeentaa 40 argatti. "Anniisaan nikularaa kun dafee akka ijaaramu barbaanna!" jechuun ministeerri dhimma alaa Peter Szijjarto ibse. Buufanni anniisaa nikularaa humna ibsaa maddisiisu ijaaramuuf jedhu kun lama yoo ta'u kan duraanii wajjin buufata bikularaa Raasiyaan ijaarte afur ta'a jechuudha. "Kuni tarkaanfii guddaa fi bu'uura barbaachisaadha, "jechuun ministeerri dhimma alaa biyyattii fuula facebook isaa irratti barreesse jechuun AFPn gabaase. "Bifa kanaan yeroo dheeraa keessatti Hangariin anniisaa barbaachisu argachuu akka dandeessu mirkaneessun lammiilee biyyattii baasii anniisaa ol ka'aa irraa oolchuu dandeenya," jedha. Akka ministeerri dhimma alaa buufanni nikularaa kun bara 2030 tti anniisaa maddisiisun tajaajila kennuu ni eegala. Bajatni pirojektii kanaa dolaara biliyeena 12.4 yoo ta'u irra jireessa isaa kan kaffalu Raashiyaadha jedhama. Waraana Raashiyaan Yukireen irratti bante hordofee biyyoonni miseensa Gamtaa Awuroppaa ta'an hedduun isaanii anniisaa Raashiyaa irratti hirkachuu dhaabudhaaf hanga boba'aa Raashiyaa irraa fudhatan xiqqeessaa jiru.
Waraana Raashiyaan Yukireen irratti bante hordofee biyyoonni miseensa Gamtaa Awuroppaa ta'an hedduun isaanii anniisaa Raashiyaa irratti hirkachuu dhaabudhaaf hanga boba'aa Raashiyaa irraa fudhatan xiqqeessaa jiru.
Biyyoonni G-7 gatii boba'aa Raashiyaarraa itttiin bitan murteessuf walii galan Biyoonni dureeyyii (G-7) gatii boba'aa Raashiyaa irraa ittiin bitan murteessuf walii galan. Kunis Mooskon galii achirraa argattuun waraana Yukireen keessatti gaggeessitu akka hin deeggareefi jedhame. Ministiroonni Faayinaansii biyyoota kanaa gatii daangessuun kun boba'aa jikita fi peetirooliyeemii irratti kan taasifamu yoo ta'u gatii boba'aa akkaan ol ka'e gadi deebisuuf gargaara jedhan. Daangeffamni gatii boba'aa biyyootni G-7 kun jedhan kan murtaa'u galteewwan teekinikaa garaa garaa irratti hundaa'uni jedhame. "Hanga dhumaatti Yukireen bira dhaabbachuu keenya ittuma fufna," jedhan biyyoonni G-7. Raashiyaan gama isheetin biyyoota gatii boba'aa ittiin bitan irratti daangeffama kaa'uu barbaadanitti boba'aa hin gurguru jechaa jirti. "Kubbaaniyyaawwan gatii boba'aa irratti daangessuu kaa'an warreen boba'aa Raashiyaa hin arganne keessati," oduu himaa Kirimiliin kan ta'an Dimitirii Peeskov. Biyyoota G-7 warri jedhaman UK, US, Kanaadaa, Faransaay, Jarman, Xaaliyaanii fi Jaappanidha. Biyyooni kun warreen addunyaa irratti diinagdee cimaa qaban ta'anii daldaala fi sirna faayinaasii addunyaa to'ataniidha. Ministiroonni Faayinaansii biyyoota dureeyyii G-7 kun kora karaa onlaayinii taa'aniin akka jedhanitti gatii boba'aa ittiin bitan daangessuun kan barbaachise galii Raashiyaan gurgurtaa boba'aa irraa argattu akkasumas dandeettii "weerara waraanaa ishee" xiqqeessufiidha. Akkasumas sababa waraanatiin "addumatti diinagdeen biyyoota galii gadi aana fi giddu galeessaa" akka hin miidhamneef murtoo kana irra geenye jedhan.
Akkasumas sababa waraanatiin "addumatti diinagdeen biyyoota galii gadi aana fi giddu galeessaa" akka hin miidhamneef murtoo kana irra geenye jedhan. Gatii boba'aa Raashiyaa daangessuu jechuun biyyoonni dambii kanaan walii galan boba'aa fi omishaalee petrooliyeemii Raashiyaa karaa galaana irraa dhiyaatan gatii jedhameen ykn isaa gadiin bitachuu danda'u jechuudha. Raashiyaan Yukireen irratti waraana erga labsiteen booda gatiin boba'aa akka malee ol ka'ee jira, kuni ammoo Raashiyaaf galii guddaa argamsiisee jira. Gamtaan Awuroppaa Mudee 5, 2022 irraa kaasee boba'aa difdifa Raashiyaa irra qoqqobbii kaa'uf karoorsee jira. Kuni ammoo boba'aa difdifa karaa galaana irraa fi ujummoodhan dhiyaatu irratti hojiirra oola jedhame. Chaayinaa fi Indiyaan biyyoota Raashiyaa wajjin hariiroo daldalaa guddaa qaban yoo ta'an adeemsa biyyoota G-7 kana hin hordofan jedhu xinxaaltonni. Chaansilariin UK Naadim Zahaawwii G-7 weerara [Raashiyaan Yukireen irratti] gaggeessite irratti waliin turan jechuun daangeffamni gatii (price cap) boba'aa taasifamu "dandeettii Puutin waraana isaa ittii deeggaru danqa" jedhan.
Ujummoon boba'aa gara biyyoota Awurooppaa dabarsu akkuma cufametti tura - Raashiyaa Kubbaaniyyaan boba'aa guddichi Raashiyaa Gazprom, ujummoowwan boba'aa gara Jarmanii fulla'an banuuf har'atti karoorfatee ture. Garuu ujummoon boba'aa guddichi Nord Stream 1 jedhamuun beekamu cabuun zayita dhangalaasaa waan jiruuf, isa suphuuf jecha karoorri kun yeroo hin beekneef dheerateera jetti Raashiyaan. Kubbaaniyyaan Gazprom ujummoo boba'aa cabe jedhame kana suphuuf maqaa jedhuun guyyoota sadan darbaniif cufee ture. Boba'aa Raashiyaa irraa biyyoota Awurooppaaf galu adda cituun ammoo waqtii gannaa qorra hamaa fidee dhufaa jiruuf yaaddoo uumeera. Biyyoota Awurooppaatti waqtiin gannaa akkaan qorruun kan baratame yoo ta'u, namoonni gaazii fayyadamuun manasaanii ho'ifatanii dandamatu. Erga waraanni Raashiyaa fi Yukireen eegalee boba'aan akka duriitti dhiyaachaa waan hin jirreef gatiinis akkaan dabaleera. Boba'aan Raashiyaarraa argamu adda cinnaan ammoo gatiin boba'aa addunyaarratti daranuu dabaluuf deema. Biyyoonni Awurrooppaa hirkattummaa boba'aa Raashiyaa jalaa of baasuuf waa hedduu falan, Raashiyaan waraana gaggeessaa jirtu irratti humna maallaqaa akka dhabduufis guddoo yaalan, kun hunduu isaaniif hin milkoofne. Raashiyaan isa biyyoonni lixaa Yukireen tumsan haaloo ba'uuf boba'aa adda kutuu akka meeshaa waraanaatti fayyadamteetti kan jedhamtee himatamtuuf, kun oduu sobaati jechuun deebifte. Akka Raashiyaan jettutti qoqqobbiin biyyoonni lixaa irra kaa'an ujummoon boba'aa saffisaan akka hin suphamne gochuun hanqina boba'aa addunyaarratti uumeera. Biyyoonni Awurooppaa garuu kun sababa ga'aadha jedhanii hin fudhatan.
Biyyoonni Awurooppaa garuu kun sababa ga'aadha jedhanii hin fudhatan. Qondaaltonni mootummaa Jarmanii Raashiyaan boba'aashee guutummaatti yoo kuttes biyyisaanii qophii ta'uu himan. Garuu lammiilee fi kubbaaniyyaawwan biyyattii keessa jiran fayyadama boba'aa akka hir'isan akeekkachiisaniiru. Gazprom ujummoon boba'aa adda cituu kan ibse, erga biyyoonni G7 Yukireen tumsuuf jecha gatii boba'aa Raashiyaa daangessuurratti waliigalanii boodadha. Murteen biyyoota G7 (UK, Ameerikaa, Kanaadaa, Firaansi, Jarmanii, Italii fi Jaappaan) hojiirra oollaan biyyoota kunneen dabalatee kanneen yaada kana deeggaran hundinuu boba'aa Raashiyaa wayita bitan gatii kaa'ameen yookiin isaa gadiin fudhatu. Raashiyaan garuu inumaa biyyoota yaada akkanaa qabanitti boba'aashee akka hin gurgurre ibsiteetti.
Dhaabbanni niikulaara Yukireen to'annoon ala ta'eera jedhe UN Dhaabbanni nikulaarii guddichi Yukireen kan tibba waraanni eegalu Raashiyaadhan to'atamee ture amma ''guutummaatti to'annoon ala'' ta'uu isaa hogganaan eejjansii niikulaara Mootummoota Gamtoomanii Raafaa'eel Giroos himan. Hogganichi, dhaabbanni niikulaaraa Zaaporizhiyaa to'annoofi haaromsa akka barbaachisu dubbachuu AP tu gabaase. ''Dhimmoota dhaabbilee niikulaaraa keessatti mudachuu hin qabnetu mudate,'' jedhan. Dhaabbanni niikuulaara Awuurooppaa inni guddichis bakka waraanaatti baayyee dhihoodha. Misinitirri Dhimma Alaa Ameerikaa Antoonii Biliinkan jalqaba torban kanaatti Raashiyaan dhaabbata niikuulaaraa kana akka bu'uura waraanaatti fayyadamuun humnootii Yukireen irratti haleellaa raawwataa jirti jechuun himatan. Qondaaltoonni Yukireenis Raashiyaan loltootasheefi meeshaalee waraanaa lafa jala dhaabbata niikuulaaraa kan kibba Yukireeniitti laga Dinippiroo irratti argamuutti kuusaa jirtii jedhan. Haata'u malee Raashiyaan gama isheetin humnootiin Yukireen meeshaa waraanaa warra Lixaatiin dhiyaateefiitti fayyadamuun dhaabbata niikulaarichaa halelte jechuun madda oduu Rooyitarsiitti himan. Itti dabaluunis Raashiyaan attamiin dhaabbaticha tiksaa akka jirtuufi Yukireenoonni haleellaa akka irratti raawwatan Eejjansii Annisaa Atoomikii Idil-Addunyaatti (IAEA)tti agarsiisuuf qophiidha jetti. Raashiyaan dhaabbatichi wayita to'atteetti haleellaan gamicha irratti raawwattee dheekkamsa idil-addunyaa kaasee ture. Dhaabbatichi ammallee hojjattoota Yukireen to'annoo Raashiyaa jala jiraniin hojjataa jira. Aab Giroos konfaransii Waajjira Mummee UN kan Niiw Yoorkii jiru irratti, ''Haallisaa baayyee yaadeessaadha. Karaa tokkoonis ta'e karaa biraatiin ulaagaan nageenya niikulaaraa cabeera.
Karaa tokkoonis ta'e karaa biraatiin ulaagaan nageenya niikulaaraa cabeera. Haalli sun akka itti fufuuf ammoo hin ayyamnu,'' jedhan. Daarektarri Olaanaan IAEA, amma danda'ameetti atattamaan ergamtoota waliitti qabuun dowwachuu yaalla. Garuu ammoo kun hayyama aanga'oota UN akkasumas kan garee Raashiyaafi kan Yukireen barbaada. Gara zoonichaa imaluunis balaa qabaata jedhan. Waxabajjii keessa, dhaabbanni niikulaaraa mootummaa Yukireen biyyisaanii IAEA hin affeerree jedhee ture. Daawwannaan taasifamu kamiyyuu Raashiyaan bakkicha qabachuu ishee mirkaneessudha jettee qeeqxee turte. Torban kana ammoo Aab Giroos gara dhaabbatichaa qaqabuudhaaf inniifi gareensaa eegumsa akka barbaadan dubbatan. ''Garen lamaanu akka ergamni kun raawwatuf akka waliin ta'anan gaafadha'' jedhan.
Buufanni anniisaa nuukilaraa Yukireen irra deebiin haleelamuun na yaaddesse - UN Buufanni anniisaa nikulaaraa Zapporizyiyaa irra deebin haleelamuun gabaafame. Haleellaa kanaaf ammoo Yukreenii fi Raashiyaan quba walitti qabu. Hagayya 11, 2022 buufata nikularaa Ardii Awurooppattu guddicha ta'e irratti naannoo si'a 10tti haleellaan irratti gaggeeffamuu biyyoonni lamaan wal komatan. Haleellaa buufata nikulaaraa kanarratti gaggeeffame ilaalchisee Manni Maree Nageeyaa UN kora dhimmicharratti marii'achuuf taa'ame irratti to'ataa nikalaraa kan ta'e Raafaa'el Giroosii "yeroo yaaddeessaa" ture jechuun dubbate. Barreessaa Olaanaa UN kan ta'e Antooniyoo Gutareez ammoo gara "balaa hamaati geessuu" danda'a jechuun dubbate. Ogeeyyiin UN bakkicha deemun qorannoo akka taasisan Chaayinaa fi US waamicha dhiyeessan. Haata'u garuu yaanni wal fakkaatan akkasii kanaan dura dhagamee hin turre. Naannoo buufata nikularaa Yukreen anniisaa elektirikii maddisiisu kanatti daangan lola irraa bilisa ta'e akka hundaa'uf US gaafattee turte: "Naannoo buufata nikularaa kanatti lola gaggeessun rakkoo hamaa kan uumu fi maaltu na dhibee irraa kan madduudha,"jecuun odu himaan ministeera alaa US beeksise. Haa ta'u malee, UN'tti bakka bu'aan Raashiyaa naannicha waraana irraa bilisa gochuun furmaata osoo hin taane haleellaa fi "shororkeessummaaf" kan saaxiluudha jedhe. Buufanni nikulara Yukreen keessati argamu kun haleellan irra dedeebin irra dhaqabee jira. Yukreen Raashiyaa himatti, Raashiyaan ammoo Yukreentu kana godha jetti. Yukreen akka himatutti Raashiyaan buufata nikularaa kana iddoo qubsuma waraanaa gochuun achi irraa gara Yukreenitti dhukaasti. Raashiyaan ammoo kuni soba adiidha jetti.
Ejansiin nikularaa Yukreen "Enerhoatom" jedhamu "Weerartoonni Raashiyaa dhaabbata nikulara Zapporizhiyaa irra deebin haleelanii jiru" jechuun Kamisa 11, 2022 ibsee ture. Haleellaa kanaan gamoon bulchiinsaa yoo rukutamu seensaroonni raadiyeeshinii heddus akka miidhaman gabaafameera, haa ta'u garuu miidhan nama irra gahe hin turre. Ejansiin nikularaa Yukreen akka ibsetti sababa haleella kanaatin hojjattoota dhabbatichaa jijjiirun waan hin danda'amneef warri achi jiran halkanii guyya hojjataa jiru. Haata'u malee haala ture amma to'achuun akka danda'ame eejansichi itti dabaluun ibse. Hojjattoonnni buufata nikularaa Zapporizyiyaa BBC'tti akka himanitti loltonni Raashiyaa mandhee isaanii achi godhachuun humnaan akka isaan ittisu. Loltoonni Raashiya ji'a Bitootessaa keessa ture buufata nikularaa kana kan to'atan. Haata'u malee, buufanni nikularaa kun hojjatoota Yukreenin to'atama. Yeroo dhiyoo asii kaasee loltoonni Raashiyaa buufata nikularaa kana "dahannoo" godhachuun rookkeettii gara Yukireenitti dhukaasu jedhamanii komatamu. Kamisa gaafa 11, 2022 ammoo haleellaan dabalataa dhaabata Nikularaa kana irratti gaggeeffamuutu gabaafame. UN garuu naannawa buufata nikularaa anniisaa maddisiisu kanatti lola gaggeesun "badii hin taanetti" nama geessa jechuun akeekkachiise. Hojjattoonni buufata nikularaa kana keessa hojjatan lama BBC'tti akka himanitti sodaan isaanii loltota Raashiyaatin ukkaamfamanii fudhatamuu fi "Raadiyeeshiniin nikularaa naannicha faaluu danda'a" kan jedhuudha. To'ataa nikularaa kan ta'e Giroosin kora UN tti Hagayya 11, 2022 taa'ame irratti haasaa taasiseen Ejansiin Anniisaa Atoomikii Idil-addunyaa (IAEA) naannicha deemee akka ilaaluuf waamicha dhiyeesse.
To'ataa nikularaa kan ta'e Giroosin kora UN tti Hagayya 11, 2022 taa'ame irratti haasaa taasiseen Ejansiin Anniisaa Atoomikii Idil-addunyaa (IAEA) naannicha deemee akka ilaaluuf waamicha dhiyeesse. Barreessaa Olaan UN Antooniyoo Gutereez gama isaatin: "Nageenyummaa naannoo buufata nikularaa kana mirkaneessuf bakkicha waraana irraa bilisa gochuu irratti hatattamaan walii galtee irra gahamuu qaba" jedhe. Pirezidaantin Yukireen Volodmiir Zeleniskiin ammoo, "Waraanni Raashiyaa guutummaan Zapporizhiyaadhaa ba'uu qofatu nageenya mirkaneessa" jechuun dubbate. Buufanni nikularaa anniisaa elektirikaa maddisiisu kun kiba baha Yukreen laga Diniproo cinaatti argama. Waraana Yukreen irratti banteen Raashiyaan bakkicha to'attus hojjattoota Yukreen achi keessaa hin baasne.
Raashiyaan Itoophiyaa fi biyyoota Afriikaa kaan irraa maal barbaaddi? Daawwannaa hojii guyyoota jahaaf aanga'oota biyyoota Afrikaa afur waliin kan mariyatan Ministirri Haajaa Alaa Raashiyaa Sargee Laavroov Finfinneetti gita isaanii Obbo Dammaqaa Mokonniin waliin ibsa kennaniin hariiroo Isaanii daran akka cimsan himaniiru. Itti aanaan Ministira Muummee fi Ministirri Háajaa Alaa Itoophiyaa Obbo Dammaqaa Mokonniin ibsa isaanii keessatti gita isaanii Raashiyaa waliin mariin taasisan ''akkaan firii qabeessa ture'' himan. ''Raashiyaan akka amma duraa qajeeltoofi haqa irratti hundaa'uun deeggarsa Itoophiyaaf gootu itti fufuu ni dinqisiifanna. Kana jajjabeessuun akka barbaachisu mariyanneerra.'' jedhaniiru. Sargee Laavroov ammoo ''hariiroo biyyoota lamaanii gama diinagdeen jiru wayyeessuuf ni hojjenna'' jedhan. Hariiroon gama humna waraanaa fi dhimmoota teeknikaan jiru gaarii ta'uufi cimee akka itti fufu kan himan Laavroov, ''gama inarjii, telekoom, fi qonnaan hariiroo qabnu jajjabeessinee itti fufna'' jedhaniiru. Waraanni Raashiyaa fi Yukireen erga dhalatee biyyoota Lixaa waliin muddama keessa kan galte Raashiyaan midhaan biyyootni Afrikaa hedduun biyya irraa galfatan Yukireen irraa al-ergiin dhaabbachuuf warri lixaa ishee komatanis badiin kan warra Lixaati jetti. Laavroov Finfinneerraa yaada kennaniin ''qaalawuu gatii midhaaniifi boba'aaf gaafatamtoonni biyyoota Lixaati'' jedhaniiru. Warri Lixaa sababa gahaa malee wayita weerara Koronaa midhaan tiriliyoona hedduun bitanii kaahuun qaala'uu gatii amma jiruuf sababa jedhan. ''Dhuguma wanti Yukireen keessatti ta'e dhiibbaa dabalataa uumeera. Garuu ammoo kun kan ta'e sababa oppireeshinii Raashiyaa osoo hin taane midhaan gabaa irra jiru ilaalcha keessa osoo hin galchiin qoqqobbii warri Lixaa kaahaniini'' jedhan Laavroov.
Imalli Laavroov Afrikaa alanaa kun Pireezidantiin Firaans Imaanu'eel Maakroon gara biyyoota Afrikaa muraasaa dhufuuf wayita qophaa'aa jiranitti akkasumas ergamaan addaa gaanfa Afrikaa US ammoo Finfinneetti wayita dhufanittidha. Laavroov kaayyoon imala isaanii hariiroo biyyi isaanii Afrikaa waliin qabdu cimsuuf ta'uu dubbataniiru. Itoophiyaafi Raashiyaan hariiroo dippiloomasii erga eegalanii waggoonni 124 lakkaawwamaniiru. Hariiroon isaanii kun kan jalqabe Atsee Minilikiifi mooticha Sooviyeet bara sanii Nikolaa Aleksaadiroovich Romaanoov akka ta'an seenaan biyyoota lamaanii ni hima. Ergasii agarsiistuu hariiroo isaanii kan ta'u lammiileen Itoophiyaa gara Tokkummaa Sooviiyet imallii barnoota ammayyaa argatan danuu ta'uu isaati. Itoophiyaan sirnoota darban afuriifi shanii eegale hariiroon biyyooota alaa ilaalcha adda addaa qaban waliin qabdu haala madaala isaa eeggate fakkaatuun adeemsisaa turte. Bara Dargii Itoophiyaan ilaalchota faallaa walii Kaampitaalizimii biyyoota Lixaan oofamuufi kominizimii Yuniyeenii Sooviyeetiin gaggeefamu keessaa filattee warra Sooviyeet waliin hiriirtus warra Lixaatti guutummaatti karra hin cufanne. Kufaatii Dargii Boodas Itoophiyaan hariiroo biyyoota Lixaafi faallaa warra Lixaa waliin qabdu madaala isaa eeguun gaggeessaa turte. Bara Waraana ololaa kaampiwwan warra Lixaafi Yuniyeenii Sooviyeetiin ijaarame Koministiifi Soochaalizimii keessaa filachuun bara dirqama ture Itoophiyaan michuu warra Yuniyeenii Sooviyeet turte. Barri sun yoo darbu ammoo Itoophiyaan michummaa gaarii warra Lixaa wajjin uumteetti. Yeroo as garuu Chaayinaafi Ameerikaan Afrikaa irraa faayidaa barbaadan argachuuf jabaa dorgomuutti jiru. Raashiyaan akka Ameerikaa deeggarsa namoomaan, akka Chaayinaa ammoo ijaarsa bu'uura misoomaan Itoophiyaa keessatti qooda guddaa hin qabdu.
Madaalli Itoophiyaan warra Lixaafi Raashiyaafi michoota Raashiyaa waliin qabdu sababa waraana waliinii Itoophiyaa Sadaasa bara 2020 jalqabeen waan jeeqame fakkaata. Waraana gaaga’aa Kaaba Itoophiyaatti dhalateen walqabatee Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii irraa eegalee hanga sadarkaa biyya dhuunfaatti warri Lixaa mootummaa Itoophiyaa waraana kanaaf qeeqanii, qoqqobbii fi dhorkaalee deeggarsaa, faayidaaalee fi kaan irra kaahaniiru. Ameerikaan Itoophiyaa sagantaa omishaalee Itoophiyaaf US keessatti gabaa mijeesse, AGOA, keessa haqxe. Dhaabbileen idila addunyaa dhimma waraana Itoophiyaa irratti ejjennoo waloo qabaachuuf yoo walgahan warrii lixaa hedduun waliigalanii Raashiyaafi Chaayinaa fa’itu sagalee 'Veto' qabanitti dhimma bahanii yaada mootummaan Itoophiyaa barbaadu calaqqise. Itoophiyaanis ejjennoofi murteewwan jaarmiyaaleen idil addunyaa baasan, keessumaa yaadni isaa kan biyyoota Lixaan dhiyaatu irra deddeebiin yoo balaaleffattu, Raashiyaafi Chaayinaa ammo yeroo galateeffattu dhagaahamuun baratame. Kun madaalli hariiroo alaa Itoophiyaa gara faallaa warra lixaatti naanna’e kan jedhu uume. Tibba sana Itoophiyaan warra lixaarraa fuula gargalfattee Raashiyaa fa’a waliin hiriira tolfachaa jirtii jennee dubbii himaa Ministeera Haajaa Alaa Itoophiyaa yeroo sanii Ambaasaaddar Diinaa Muftii dubbifne. ‘‘Walitti dhufinsi nuti qabnu kisaaraa biyyoota Lixaan ta’uu hin qabu. Seenaa keessatti Itoophiyaan kaampii Kaappitaalizimiifi Soshaalizimii jechuunis warra Lixaafi Sooviyeet keessaa dirqamaan tokko akka filattu yeroon itti ta’e ture. Amma haalli jiru akkas miti. Biyyoota akkasii malee warra akkasii waliin hariiroo hin barbaannu halli jedhamu hin jiru’’ jechuun BBC'tti himan. Muddama warra Lixaa wajjiin hammaateefi hariiroo Raashiyaa wajjiin ho’e kanaan ''haala yerooti.
Hariiroon biyyootaa bu’aa ba’ii akkasii qaba. Waan sirratu dha,’’ jechuunis ibsanii ture. Hariiroon dippiloomasii Itoophiyaa warra Lixaa waliin jiru danqaa keessa galee bakka jirutti Raashiyaan Yukireen weeraruun xiyyeeffannoo warra lixaafi guutuu addunyaa waraana Itoophiyaarraa garasitti naannesseera. Warri lixaa ollaa masaanuu isaanii michuu taateef Yukireen deeggaruun karaa jaarmiyaalee Dhaabbata Biyyoota Gamtoomaniifi dhuunfaan Raashiyaarra qoqqobbiifi dhiibbaa adda addaa kaahuuf yeroo tattaafatan, Itoophiyaan sagaleefi dhageetti xiqqoo qabdu sanuu dhageessisuurra callisa filatte. Darbees waraana Yukireeniifi Raashiyaa ilaalchisee akka biyyoota michuu warra Lixaa kaanii ifatti kan weerara bante Raashiyaa hin balaaleffanne. Ibsa dhimma kana ilaalchisee baasteenis rakkoon sun karaa nagaa akka furmaata argatu fedha qabaachuu qofa ibsite. Kunis Itoophiyaan warra Lixaarraa rakkoo qabaachuufi gara Raashiyaa goruu isheef agrsiiftu akka ta’eetti fudhatame. Xiinxaltootni kaan mootummaan madaala hariiroo isaa eeguuf ejjennoo sirrii qabate jedhu. Haalonni Itoophiyaa keessa turan biroon kan akka hiriira balaaleffannaa warra Lixaafi kaanis mootummaan harka keessaa qabaachuuf ragaan jiraachuu baatus madaallii naanna’uu akeekaa ture. Yaadannoo injifannoo Adowaa dabalatee hiriirota mootummaa federaalaa deeggaruuf godhaman irrattis alaabaa Itoophiyaan cinaatti kan Raashiyaa mirmirfamee mul’atee ture. Odeeffannoo dogongorsaa raabsameen jedhamus dargaggoonni dhibbootaan lakkaawwaman loltuu Raashiyaa ta’anii qacaramuuf Eembasii Raashiyaa Finfinneetti argamu dura guyyootaaf hiriira qabataniis dubbii ijoo ta'ee ture. Gidduugala qo'annoo Afrikaafi Ezhiyaa Univarsiitii Landanitti argamu, SOAS, keessatti qorataa kan ta'an Ni'ammin Ashannaafi kaayyoon imala Laavroov dhiibbaa warra Lixaarraa irra gahuuf michuu sassaabbachuufi yaada jedhu qabu.
''Raashiyaan waraana Yukireen wajjin eegalteen dhiibbaan dippiloomasiifi diinagdee irra gahaa jira.'' ''Raashiyaan erga waraanni Yukireen eegalee hariiroon biyyoota Awurooppaa waliin qabdu keessumaa ammoo daldalli boba'aa gufateera. Mooskoon sadarkaa idila addunyaarratti qabdu ol qabuuf ykn bakka jirutti tursiisuuf gara Afrikaa kan dhufte.'' Daawwannaan Laavroov biyyoota dhiibbaa dandamachuuf humna qabna ergaa jedhu warra Lixaaf dhaamuufi jedhu Ni'aammin. Ogeessi kun Raashiyaan biyyoota Baha Afrikaa waliin hariiroo jabaa qabdii yoo jedhan, deeggarsa waraanaan waliigaltee Sudaaniifi Itoophiyaa akka fakkeenyaatti kaasu. Kaanaadaa Ontaariyootti bariisaa Yunivarsiitii Queen's kan ta'an Aweet Waldamikaa'eel yaada VOA'f kennaniin ammoo ''Hariiroon Itoophiyaan warra Lixaa waliin qabdu akka ji'a jaha dura ture jira jedhee hin yaadu'' jedhan. ''Warri Lixaa hariiroo Ministira Muummee fi imaammata isaanii waliin qaban sirreessaa jiru. Kanaaf Raashiyaan bakka warra Lixaa hin qabattu. Ministirri Haajaa Alaa Laavroov san jijjiiruuf carraa hedduu waan qaban hin se'u'' jedhu. Ni'aammin ''haala amma Raashiyaan keessa jirtu irraa fi biyyoota Afrikaa daawwataman irraa yeroo ilaaltu daawwannaan kun qaama duula dhiibbaa dippiloomasii irra gahaa jiru qolachuu akka ta'ettin hubadha'' jedhu. Itoophiyaan dhiyeessii midhaanii ishee harka 40 kan guuttu midhaan Raashiyaafi Yukireen irraa galchituun akka ta'e ragaaleen ni himu. Seenaa kana jijjiiruufis amma omisha qamadii dabaluuf mootummaan Itoophiyaa tattaaffii gochaa jira. Daldala idila addunyaa qaamni to'atu Observatory of Economic bara 2020 Raashiyaan qamadii dabalatee midhaan doolaara miiliyoona 44.2 baaasu gara Itoophiyaa erguu ishee agarsiisa.
Daldala idila addunyaa qaamni to'atu Observatory of Economic bara 2020 Raashiyaan qamadii dabalatee midhaan doolaara miiliyoona 44.2 baaasu gara Itoophiyaa erguu ishee agarsiisa. Itoophiyaanis gama isheen omisha Raashiyatti ergite harki caalaan buna yoo tahu doolaara miiliyoona 17 argachuu agarsiisa. Biyyootni Afrikaa hedduun qamadiifi midhaan biroo Raashiyaafi Yukireen irraa bitatu. Kanarraa kan ka'es gurgurtaa midhaanii sababa waraana Raashiyaan fi Yukireeniin danqame akka itti fufu Raashiyaarraa mirkaneeffannaa gaafachaa jiru. Hariiroon daldalaa Afrikaafi Raashiyaa gidduu jirus akkasuma erga bara 2015 dachaa lamaan dabaleera. Walatti daldalli qaamolee lamaan kanaas doolaara biilyoona 20'tti tilmaamama. Hariiroon daldalaa Raashiyaafi biyyoota Afrikaa gidduu jiru gama omisha qonnaan qofa osoo hin taane gama meeshaa waraanaatiinis akkaan ho'aadha. Bara 2014-2019 gidduutti omishaalee meeshaa waraanaa Raashiyaa keessaa dhibbeentaan 16 kan gurgurame biyyoota Afrikaatti. Kun Masrii osoo hin dabalatiinii jedha Gidduugalli Qorannoo Nagaa idila addunyaa Istookihoolm. Bara 2015 irraa eegalees Itoophiyaa dabalatee biyyootni Afrikaa 20 ol ta'an, Raashiyaa waliin waliigaltee waraanaan waltumsuu mallatteesaniiru. Yaa'ii Afrikaa Raashiyaa bara 2019'tti Sochiitti eegale irratti kan dubbatan Vilaadmiir Putiin kaayyoon isaanii Afrikaa qoqqooduu soo hin taane kaayyoon isaanii Afrikaa waliin hojjechuu akka ta'e mirkaneessanii turan. Yaa'ii saniin cinaattis qalbii biyyoota aanga'oota aardittii 43 agarsiisa meeshaa waraananbooji'uuf yaalteetti Raashiyaan.
Afrikaatti Raashiyaan attamiin Yukireen moggaatti baafte? Pirezedantiin Yukireen Voloodmiir Zeleniskiin waa’ee waraana biyyasaanii keessatti adeemaa jiru yaa’iiwwaniifi paarlaamaa biyyoota addunyaaf ibsuun ji’oota muraasa as akka ulaa dippiloomaasitti itti gargaaramaa turan. Ta'ullee wayita Zeleniskiin Gamtaa Afrikaatti Wixata darbe dubbatan hoggantoota biiyyoota Afrikaa afur qofaatu isaan caqase. Biyyoonni biroo qondaaltoota ykn namoota muuxannoo hedduu hin qabne bakka buusan. Yukireen ardii biyyoota 54 qabdu Afrikaa keessatti imbaasii kudhan qabaattullee dhageettii Kiyeev argattee kan Mooskootiin wal hin simu. Kanaafuu, ilaalcha Afrikaan weerara Putin irrratti qabdu jijjiruuf Pirezedantiin Yukireen Zeleniskiin gartuu dhiibbaa siyaasaa ykn nageenyaa Raashiyaan walgitu uuman hin bobbaasne. Yukireen akka Raashiyaatti biyya sadarkaa idil-addunyaatti hirree waraanaa guddaa qabdu miti, akkasumas miseensa dhaabbii Mana Maree Tasgabbii Dhaabbata Biyyoota Gamtoomaniis miti. Kanarraa kan ka’e, hoggantoonni biyyoota Afrikaa kan biyyoonni Lixaa kallattiin Mooskoo waliin walitti bu’an duuka hiriiruu hin barbaadan. Yukireenitti alergiin midhaanii ugguramuun hanqina midhaan nyaataa hammeesseera, Gatiin midhaanii dabaluun alergii midhaan akka qamadii, gosoota midhaan biroofi zayitaa nyaataa jeeqe. Jalqaba ji’a kanaatti Dursaa Gamtaa Afrikaa yeroo ammaafi Pirezedantii Senegaal Maakii Saal, Vilaadimiir Putiin waliin haala rakkoo al-ergii miidhaanii furuun danda’amurratti mariyachuuf gara rizoortii Sochitti imalanii turan. Pirezedantii Afrikaa Kibbaa Siriil Ramafoosaan torban darbe Putiinitti kan bilbilan haala omishni qonnaafi xaa’oon Raashiyaa gara Afrikaatti ergamurratti mariyachuuf ture.
Maricha booda jijjiirama hanga tokko jiraatullee fuulduratti hin tarkaanfanne. Kun otoo haala kanaan jiruu Raashiyaan weerarri Yukireenirratti raawwatte himannaa waraanaa Afrikaa keessatti qabdu gufuu ta’e. Hamiin dhugummaan isaa hin mirkanoofne akka agarsiisutti yoo ta’e, gartuun loltoota maallaqni kaffalameefi Afrikaa keessatti Raashiyaan lolarratti bobbaastu Waagnar Giruup jedhamu Rippaabilika Afrikaa Giddu-galeessaa keessaa akka bahuuf waamichi dhiyaatefi jira jedhameera. Kunis naannoo duula Baha Yukireen Dombasitti lolli hammaaten walqabata. Ta'ulleen gartuu loltoota maallaqaan qacaramanii kunneen biyya Maalii keessaa hin hir’anne. Loltoonni kun humnoota waraanaa biyyattii waliin ta’uu lola gaggeessaa turan. Kun haala kanaan otoo jiru, Raashiyaan gama waraanaafi tikaatiin hariiroo biyyoota Afrikaa waliin qabdu cimsachaa jirti. Kaameruun dhiyootti qiyyaafannoo kana keessa biyya seente taatetti. Ministirri Ittisaa Kaameruun Joosef Beetii Assoomoo, ji’a darbe gitasaanii kan Raashiyaa Sargee Shooguu waliin tumsa waraanaa ganna shaniif turu mallatteesuuf gara Mooskootti imalanii turan. Kunis tumsa karaa basaasaa, leenjii fi shororkeessuumaa ittisuurratti yaada ogummaa qooduufii, saamicha galaanaarra ittisuufi shaakala waraanaa waloo karoorsuu dabalata. Waliigalteen isaanii meshaalee waraanaa garasitti geejjibuun dhimma walqabatu hin akeeku garuu waltumsi haaraan dabalataan akka jiraatu qofa eere. Dhugaan hin haalamne tokko garuu waliigaltee bara 2015 biyyoota lamaan gidduutti mallatteeffame bu’uura godhachuun Raaashiyaan duula jihaadistoota biyyattii keessa socho’an haleeluurratti meeshaalee waraanaa Kaameruuniif dhiyeessuun, gama loojistikii fi humna qilleensaatiin gargaartetti. Waliigaltee haaraan kun garuu dhimmoota irratti qiyyaafatu addatti hin eeru.
Torban tokkoo keessatti Afrikaatti Daarektarri Ministeera Dhimma Alaa Kiristoofii Bigot, torban tokko keessatti gara Yawundeetti imaluun Paaris michummaa gama dinagdee, aadaa fi duula farra-shororkeessummaa irratti Kaameruun waliin ture cimsanii akka ittifufan Ministira Muummee Kaameruun Jooseef Diyooniif mirkaneessan. Hooggantoonni biyyoota Lixaa Raashiyaa akka sodaa nageenyaa guddoo, bu’uura sirna dimokiraasiif qorumsa taateefi sirna addunyaan seerarratti hundaa’e akka hin qabaanne yaaddoo uumtutti ilaalu. Biyyoonni Afrikaa muraasni biyyoota Lixaa waliin michuummaa ganna dheeraaf qabaachaa turan gocha Piirezedantii Raashiyaa Vilaadmiir Puutin qeequurra duubattti jedhan. Fakkeenyaaf Senegaal yaa’ii murtoo yaa’iin waliigalaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii Raashiyaa Yukireenirratti tarkaanfii humnaa fudhachuu akka dhaabdu gaafatu Bitootessa 2, 2022 raggaasise mormiteetti. Kaamiruunillee ejjannoo kanaan wal fakkaatu fudhatte. Haaluma walfakkaatuun wayita yaa’iin waliigalaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii Raashiyaa Kaawunsilii Mirga Namoomaa Dhaabbatichaa keessaa baasuuf filate Kaameruun filannoo kanarratti sagalee kennuurraa of qusatte. Ijjannoowwan akkasiirratti yaadni hawaasni biyya keessaa qabu qooda guddaa qaba. Biiyyoota akka Firaansi, Ameerikaa fi UK waliin hiriiruun yeroo hunda ejjannoo ardii Afrikaarratti jaalamu miti, akkuma ejjannoo mootummaa Kaameruunii fi biyyoota michuuwwan isheetti jechuudha. Taatullee Kaameruun sirumayyuu otoo Raashiyaan magaalota Yukireen guggubaa jirtuu tumsa waraanaa mallatteessite. Ejjannoon addaa kun tarii haala keessoo Kaameruuniin ibsamuu mala. Pirezedantiin biyyattii Paawol Biyyaa karaa lamaan waraantti jiru: tokko hidhattoota Bookoo Haraam Naajeriyaa keessa socho’anii fi Islaamik Istaat naannicha keessa socho’u.
Pirezedantiin biyyattii Paawol Biyyaa karaa lamaan waraantti jiru: tokko hidhattoota Bookoo Haraam Naajeriyaa keessa socho’anii fi Islaamik Istaat naannicha keessa socho’u. Kameeruun garuu Raashiyaa qofa otoo hin taane Firaansi, Chaayinaa, Biraazil fi Tarkii waliin qabdi, kanaan durallee Ameerikaa waliinille ni qabdi turte.
Raashiyaan boba’a gara Awurooppaatti erguu addaan kutte deebistee bante Raashiyaan wagga waggaan ujummoo boba’aa gaggeessitu suphuuf jecha guyyoota 10’f ujummoo boba’aa gara Awurooppaatti dabarsu 'Noordik Stream1' jedhamu cuftee turte deebistee bante. Waraana Raashiyaan Yukireen keessatti gaggeessaa jirturraa kan ka’e qoqqobbii Raashiyaarra kaa’ame haloo ba’uuf Raashiyaan ujummoo boba’aa cufte jechuun Gamtaan Awurooppaa himataa ture. Torban kana keessa Raashiyaan tarii dhiyeessi boba’aa kan addan kuttu yoo ta’eef hanqinni boba’aa akka hin mudanneef biyyoonni itti fayyadama boba’aa isaanii %15’n akka hir’isan Komishiiniin Gamtaa Awurooppaa akeekkachiisee ture. Raashiyaan gaazii boba’aa %40 ta’u biyyoota Awurooppaaf dhiyeessiti. Biyyi Jarman bara 2020tti ardicha keessaa biyya gaazii bituun sadarkaa jalqabaarratti argamtu yoo ta’u, waraanaa Yukireenitti ka’e hordofee gaazii Raashiyaa galchitu %55 irra gara 35tti hir’isuun dhaga’ameera. Biyyi Jarman guutummatti boba’aa Raashiyaarra bituu addan kutuu barbaaddi. Pirezedantiin Raashiyaa Vilaadimiir Puutin ammoo sodaa biyyoonni Awurooppaa dhiyeessii boba'arratti qaban hanga tokko hir’isuuf yaalaniiru. Dhaabbanni mootummaa Raashiyaa guddichi boba’a dhiyeessuun beekamu Gaazpiroom waliigaltee mallatteeffamanii turan akka kabajuu gaazixeessitootatti himeera. Ujummoon boba’aa kun har’a tajaajila kennuu kan eegale yoo ta’u, dubbi himaan dhaabbata dhiyeessi boba’aa kanaa %40 akka dhiyeessu beeksiseera. Hammi dhiyeessi boba’a kun hir’atus ammatti dhiyaata jira.
Hammi dhiyeessi boba’a kun hir’atus ammatti dhiyaata jira. Dhiyeessii boba’aa Raashiyaarratti kan hirkatte Jarman, Aab Puutin biyyoota Awurooppaa birootifillee boba’a hanga isaan barbaadan ni dhiyeessuuf abdii jedhu hin qabdu. Ho’a cimaan miidhamaa kan jirtu Awurooppaan, yeroo qorraa hamaa dhufaa jirutti kuusaa gaazii boba’aa gahaa akka hin qabne ibsameera. Biyyoonni Awurooppaa lammileen isaanii itti fayyadama boba’asaanii akka hir’isan itti himameera. Kana malees biyyoota biroorra gaazii boba’aa argachuu yaalalutti kan jiran yoo ta'u, cilee dhagaarraas annisaa maddisiisuuf yaalamaa jira.
Waraana Raashiyaa - Yukireen: Afrikaan dhiibbaa waraanni Yukireen irratti uume Putiin hubachiifte Dura Taa'aa Gamtaa Afrikaa (AU) kan ta'an Pirezidantiin Senegaal Maakii Saal, hanqina nyaata sababa waraana Yukireeniin Afrikaa keessatti uumamaa jiru akka yaada keessa galchataniif Pirezidantii Raashiyaa Vilaadmiir Putiin hubachiisan. Pirezidantoonni lamaan kun magaalaa kibba Raashiyaatti argamtu, Sochi keessatti, marii taasisaniiru. Pirezidant Saal, "biyyi keenya, waraanicha irraa fagoo jirtus, miidhamtoota diinagdee akka ta'an" Pirezidant Putiin hubachuu qabu jechuu isaanii AFP'n gabaaseera. Dabaluunis dhiyeessiin nyaataa qoqqobbii biyyootiin Lixaa Raashiyaarra kaa'anirra "ala/adda" ta'uu qaba jedhaniiru. Waraana kana dura, qamadiin Afrikaa keessatti nyaataaf oolu keessa %40 Raashiyaa ykn Yuukireen irraa dhufa ture. Pirezidant Saal Senegaaliirraa imaluu isaaniin dura, daawwannaan isaanii qamadii fi xaa'oo buufataalee doonii Yuukireenitti ugguramanii jiran gadhiisisuu irratti kan xiyyeeffate akka ta'e ibsaniiru. Sababa waraana Yuukireeniin qaala'iinsa uumameen biyyootiin Afrikaa addatti miidhamaniiru. Marii isaaniin booda Pirezidant Putiin haasaa taasisaniin Raashiyaan "yeroo hundayyuu Afrikaa cina akka dhaabbattu" dubbachuu isaanii AFP eereera. Ebla keessa Ministirri Muummee duraanii Itoophiyaa Haayilamaariyaam Dassaalany waraanni Yukireen keessa adeemaa jiru Afrikaan dhiheessii soorataan of akka dandeessu ''carraa guddaa'' akka uumu himuun isaanii ni yaadatama. Dura taa'aa dhaabbata miti - mootummaa Alliance for a Green Revolution in Africa (AGRA) kan ta'an Obbo Haayila Maariyaam waraanni Yukireen keessa adeemaa jiru gama gatii midhaanii, boba'aafi xaa'oo irratti Afrikaa keessaa dhiibbaa uumuu dubbataniiru. Turtii BBC waliin taasisaniin waraanicha dura tatamsa'ina koronaavaayirasiin akkasumas waldhibdee bakkeewwan Afrikaa adda addaa tureen dhiheessiin midhaaniifi kuufamni yaaddessaa ta'e ture jedhanii turani.
Turtii BBC waliin taasisaniin waraanicha dura tatamsa'ina koronaavaayirasiin akkasumas waldhibdee bakkeewwan Afrikaa adda addaa tureen dhiheessiin midhaaniifi kuufamni yaaddessaa ta'e ture jedhanii turani. ''Biyyoota 36 tahan keessatti ummanni miiliyoona 90 ta'u beelli qunnameera,'' jechuun yeroos dubbatan. Durumaa biyyoota wabii nyaataa hin mirkaneessine keessatti waraanni Yukireen keessaa dhiibbaa dabalataa waan fideef rakkinichi hammaatuu himan. ''Keesumaa qamadii dabalatee biyyoonni Afrikaa gosa miidhaanii biroo alaa galchuuf eeggatan baay'eedha,'' jechuun himaniiru. Obbo Haayilamaariyaam turtii BBC walin taasisaniin yeroo keessa Afrikaan nyaataan of danda'u akka qabdu himaniiru. ''Lafa addunyaa qotamu keessaa 60% kan ta'u Afrikaa keessa argama. Haa ta'u malee, hojiirra hin oolle. Ammatti bulchitoonni Afrikaa kutatanii ka'aniiru. Daldaltoonni Afrikaas dhimmicha hubataniiru.'' Hoggantoonni Afrikaa qonna biyya keessa ammayeessuuf yeroo xiyyeeffannoo kennan hammana hin hin mul'atu jechuun dubbataniiru.
Waraanaa Yukireen: US qoqqobbii haaraa wayita labsiitutti Jiil Baayidan Yukireen dowwataa jiru Giifti dureen Ameerikaa Jiil Baayidan wayita biyyishee qoqqobbii dabalataa Mooskoorratti ifa taasiftutti gita ishee kan Yukireen Giifti duree Oleenaa Zalansikii waliin wal agarte. Giifti dureewwan lamaan kunneenis mana barnootaa magaalaa daangaa kan taate Uzhhorod keessatti wal argan. Giifti dureen Zalansikii erga Raashiyaan Guraandhala 24, 2022 Yukireen weerarteen booda yeroo jalqabaatiif ummatatti mul'atan. Ameerikaan weerara Yukireen irratti dhorkaa viizaa lammiilee Raashiyaafi Beeraaluus 2,600 dabalataan -qoqqobbii dabalataa keessee jirti. Buufataaleen TV Raashiyaa sadi fi hoji gaggeessitoonnis Waashingitaniin qoqqobamaniiru. Walgahiin giifti dureewwan lamaanii kunis mana barnootaa ammaan tana namoota buqqa'aniif dahoo yeroo ta'uun tajaajilaa jiru keessatti gaggeeffame. Giiftii Duree Baayidaniis, ''Ummanni Yunaayitid Isteetis ummata Yukireen waliin dhaabbataa jiraachu agarsiisuudhaaf,'' jedhan. Itti dabaluunis, waraanni erga eegalee amma baatii sadaffaa qabate ''sukkanneessaa'' fi dhaabbachuu qaba jedhan. Aaddee Zalansikiin waraanni osoo gaggeefamaa jiruu Yukireeniin daawwachuun ''gochaa ciminaati'' jedhan. Itti dabaluunis dowwannaa 'Guyyaa Haadhoolii Yukireen fi US keessaa'tti taasifamee kunis fakkeenya gaariidha jedhan. ''Guyyaa barbaachisaa kanatti jaalalaafi deeggarsi kee nutti dhagahameera. Booda dubartoonni lamaa taa'uun ijoollee baayyee achitti argaman keessaa muraasa waliin taphataniiru. Qoqqobbiin haaraan kunis erga hoggantoonni G7 Voolodmiir Zalansikii waliin karaa viidiyootiin marii taasisaniin booda ture. Qondaalli US olaanaan tokko qoqqobbiin US hoji gaggeessitoota Gazprom bank 27 kan miidhuudha jedhan.
Qondaalli US olaanaan tokko qoqqobbiin US hoji gaggeessitoota Gazprom bank 27 kan miidhuudha jedhan. Haata'u malee qoqqobbichi qabeenyaa dhaabbatichaa ykn daddabarsa hin miidhu jedhame. Tarree namoota Raashiyaafi Beeraaluus 2,600 dhorkaan irra kaa'ame keessa eenyuu fa'i akka jiraan ifatti kan jedhame hin jiru.
Waraana Yukireen: Dureeyyiin Raashiyaa waraana lammiilee fixaa jiru morman ifatti morman Dureeyyiin Raashiyaa ''dhumaatii lammiilee Yukireen'' irratti raawwatamaa jiruu fi walumaagala ''waraanni miira maraatummaan'' gaggeeffamaa jiru kun akka xumuramu gaafatan. Dureeyyota gameeyyii ifatti waraana Raashiyaa kana morman keessaa tokko kan ta'e Oleg Tinkov ''waraana kanarraa qaama fayyadamu tokkollee hin argine,'' jechuun dhaabbachuu akka qabu Instagram isaarratti barreesse. Aab Tinkov dureeyyii utubaa diinagdee Raashiyaa ta'an keessaa tokko ta'ee, baankii onlaayinii-Tinkoff Bank fi garee bishileettii- Tinkoff-Saxo jedhamu kan qabuudha. Dureeyyii uummata keessatti maqaa guddaa qaban kanneen gocha Pireezidanti Vilaadmiir Putiin ifatti morman keessaati. Dureeyyiin biroon Mikhail Fridman fi Oleg Deripaska nageenyi akka bu'uuf gaafataniiru, kallattiidhaan mootummaa Raashiyaa hin qeeqne. Dureessi beekamaan Boris Mints jedhamu garuu Aab Tinkov deeggaruun kallattiin pireezidanticha qeeqe. Dureessi kun bara 1990oota keessa mootummaa Raashiyaa keessa hojjechaa ture, garuu Aab Putiin aangoo qabatee guyyoota afur keessatti caasaa mootummaa keessaa gussame. UK kan jiraatu Aab Mints, ''namni qixa sirriin yaadu kamuu waraana diigumsaa kanaa fi abbaa irrummaa Vilaadmiir Putiin mormuu qaba,'' jechuun BBCtti hime. "Lammiilee Yukreen, kanneen biyya keessa jiranis ta'e kanneen baqatan, loltoota Putiiniin dararamaa jiran waa dandeenyuun deeggaruu qabna.'' Mootummaan UK Aab Tinkov dabalatee dureeyyii Raashiyaadhaan hidhata qaban hedduurraa qoqqobbii kaa'eera, Aab Mints garuu hin qoqqobamne. Aab Tinkov pireezidantii Raashiyaa yookiin ammoo Kireemlin waliin hidhata homaatuu akka hin qabne himaa ture.
Aab Tinkov pireezidantii Raashiyaa yookiin ammoo Kireemlin waliin hidhata homaatuu akka hin qabne himaa ture. Dureeyyiin Raashiyaa bebbeekamoon kanaan dura qoqqobbiin waraana hin dhaabsisu jechuun falmaa turan, amma garuu gocha Pireezidanti Putiin balaaleffachuutti deebi'an.
Waraana Yukireen: Loltoonni Yukireen baay'ee Maariyuupoolitti harka kennuu Raashiyaan himte Loltoonni Yukireen 1,000 ol ta’an buufata doonii Maariyuupool to’annoo jala oole keessatti harka kennuu isaanii Raashiyaan ibsiteetti, Yukireen garuu kana ni haalti. Itti aanaa bulchaa magaalichaa, Serii Orloov, akka BBC’tti himanitti loltoonni Yukireen achi jiran ammayyuu lolaa jiru. Yukireen akka jettutti Maariyuupool keessatti namootni kumaatamaan lakkaa’aman du’aniiru. Magaalatti keessatti bakkooti to’annoo Raashiyaa jala hin oolle keessa tokko kan ta’e warshaa sibilaa Azovsitaalitti lollii kan itti fufee jiru fakkaata. TV’n Raashiyaa viidiyoo yeroo loltoonni warshaa sibilaa keessatti harka isaani kennan agarsiisa jedhu agarsiiseera. Gorsaan pirezidantii Yukireen garuu loltoonni kun humnoota Azov buufata biraa jiran waliin wal qunnamuuf bakkicha darbanii deemuu isaanii himu. Maariyuupool magaalaa buufata doonii ijoo fi xiyyeeffannoo Raashiyaa jala jirtudha. Sababiin isaas magaalicha fayyadamuun daandii Kirimiyaatti geessu to’achuu waan barbaaduufi. Magaalaan kun xiyyeeffannoo haleellaa cimaa humnoota Raashiyaa taatee turteetti, loltoonni Yukireen achi jiran ammoo rasaasi jalaa dhumaa akka jiru ibsanii turani. Qondaalli ittisaa US olaanaan tokko, haleellaan xiyyaaraa Raashiyaan Maariyuupool irratti gaggessitu akka fufee jiru himuun, magaalittin Raashiyaan gutummaatti to’atamteetti jettee US akka hin amanne ibsaniiru. Guyyaa Roobii gaazexeessitoonni Reuters, warshaa Azovisitool bakka looltonni Yukireen torban hedduuf buufatanii turan keessaa ibiddi yemmuu ka’u arguu isaani himaniiru. Weerara Raashiyaa dura, Maariyuupool keessa jiraattonni 400,000 ol ta’an jiru turani. Jiraattonni lola kana jalaa baqachuu dadhaban, wantooti ijoo lubbuun ooluuf isaan barbaachisu argachuuf rakkachaa jiru.
Jiraattonni lola kana jalaa baqachuu dadhaban, wantooti ijoo lubbuun ooluuf isaan barbaachisu argachuuf rakkachaa jiru.
Waraana Yukireen: Putiin gorsitootasaa isa sodaataniin dogongorfame- US Pirezidaantiin Raashiyaa Vilaadmiir Putiin gorsitoonni isaa baayyee waan isa sodaataniif dhugaa adda waraanaa Yukireeniitti ta'aa jiruu akka itti hin himne US himte. Haaluma walfakkaatunis tikni Biritish, waraanni Raashiyaa Yukireen keessaa diigameera, hanqinni meeshaas mudateera akkasumas ajajalleen fudhachquu didaa jira jedhe. Kana malees qoqobbiiwwan kaa'aman hangam diinagdee Raashiyaa irratti dhiibbaa taasisaa akka jiruu Putiinitti hin himamne jedha Waayit Hawuus. Haata'u malee yaada kanarratti Raashiyaan hanga yoonaa deebii hin kennine. Dubbii Himtuun Waayit Hawuus Kaatee Beedingfiild, Ameerikaan ''waraanaa Raashiyaatiin dogongorfamaa jiraachuu'' Putiinitti himtee jirti. Kun garuu ''Putiiniifi hoggantoota waraanaa isaa jidduutti muddama kaase'' jette. Dubbii himaan Peentaagon Joon Kirbii xinxala kanaan ''odeeffannoo dogongorsaati'' jedhan, sababii Putiin yaaliiwwan karaa marii nagaatiin waraanicha dhaabuuf taasifamu irratti ''amanamaa ta'uu dhiisuu danda'a,'' jedhan. ''Dhimmi gara biraa ammoo, hoggantoonni oduu badaa wayita dhagahaniitti deebii attamii kennuu akka danda'an hin beektu,'' jedhan. Humnoonni Yukireen eddoowwan muraasaa harka Raashiyaatii deebiisanii to'achuuf yaalii taasisaa jiru. Jeeremii Fileeming hogganaan Ejjansii Tika saayibarii UK- GCHQ, sochiin kunis Raashiyaa ''garmalee haalicha dogongoraan tilmaamuu'' kan agarsiisuufi ''deebiisanii qabachuuf dirqisiifamaa'' jirti jedhan. Mr Fileming haasaa Kamisa kaleessaa Awustiraaliyaatti taasisaniin, loltoonni Raashiyaa marfamanii jiraniis meeshaa isaanii beekaa barbadeessuufi dogongoraan xiyyaara ofiisaanii rukutanii kufiisaniiru jedhan.
Mr Fileming haasaa Kamisa kaleessaa Awustiraaliyaatti taasisaniin, loltoonni Raashiyaa marfamanii jiraniis meeshaa isaanii beekaa barbadeessuufi dogongoraan xiyyaara ofiisaanii rukutanii kufiisaniiru jedhan. Akkasumas Chaayinaanii weerara Raashiyaan Yukireen irratti taasifteen wal qabatee ''michuu dhiyoo akka hintaaneef'' akeekkachisaniiru. Haalli akkasuu kunis feedhiiwwan Beejiingii kan yeroo dheeraatiif bu'aa hin qabaatu jedhan. Karaa lafootiin ammoo Raashiyaan humnootii ishee karaa Kiiyiiviin haleellaa banuuf qophii taasisaa jiraachu US fi Yukireen himaniiru. Taateewwan gara biraatiin ammoo: Mariin nagaa Raashiyaa fi Yukireen jidduutti irra deebiin karaa viidiyootiin gaggeeffamu boru Jimaata Ebla 1, 2022 akka eegamu, gama Yukireeniin kan mari'atan Deeviid Araakhaamiyaan himan. Rooyitarsi Mr Araakhaamiyaa caqasuun akka gabaaseetti, marii hanga'oota lamaanii Yukireen dhiyeessite turte garuu Raashiyaan ni didde. Wixiinee waliigaltee irrattis hojiin dabalaa akka barbaachisu himan. Mr Zelensikiin mariichaan ''haasaa qofaa, wanni qabatamaan omaa kan hinqabne,'' jechuun xinxala Raashiyaa gadi qicuun dubbatan. Bakka bu'oonni Moosikoo fi Keeyiiv irraa guyyaa Kibxataa marii sa'aatii sadii Istaambuul keessatti gaggeessanii ture. Yukireenis nageenyi yoo kan bu'u ta'ee michummaa biyyoota kamu irraa walaba ta'uun turuuf yaada dhiyeessitee turte.
Waraana Yukireen: Leencaafi bineensota kaan sababa waraana Yuukireen kunuunsa malee hafan Yuukireen keessatti leencota dabalatee bineensonni to'annoo namootaa jala turan sababa eegdoti isaanii madaa'aniif ykn baqachuu dirqamaniif jecha kunuunsa malee hafaniiru. Dhiyeenya magaalaa guddittii Yuukireen Kiyiivitti kan argamtu Hostomeel Bitootessa 2 wayita to'annoo humnoota Raashiyaa jala oolte, Asiyaa Serpiniiskaa manni bineensotaa olloota isheetti abiddi qabatee agarte. Manicha keessa bineensonni akka jiran kan quba qabdu Asiyaan, abbaan manichaa wayita ambulaansiin fuudhamu waan agarteef - nama biraa tokko waliin abiddicha dhaamsuuf birmatte. "Karra jalaa bannee simbirroota, illeettiiwwan fi sardiida xixiqqoo miliqsine," jetti. Ollaan ishee kun leenca dhaltuu Ruuraa jedhamtu akka qabus waan beekaniif barbaacha itti fufanii, booda kutaa lafa jala jiru keessatti argan. "Namni waa laatuuf hin turre, baay'ee jeeqamtee turte. Nyaata sarootaafi bishaan kennuufii eegalle," jedhu maanguddoon ganna 78 dawoo sarootaa Yuukireen keessatti isa guddaa ta'e qaban kun. "Kophuma achitti dhiifnee deemne, haleellaa qilleensarraan raawwatu yoo dhaabbate deebinee ilaalla." Humnoonni Raashiyaa jalqaba Guraandhala 24 buufata xiyyaara meeshaa fe'u (Kaargoo) Hostomeel jiru ture xiyyeeffannoon isaanii. Naannoo qe'ee Asiyaa kan gahan garuu Guraandhala 5 ture. Guyyoota sagaliif Asiyaan manaa bahuu sodaatte. Booda Guraandhala 14 Ruuraaf nyaataa fi bishaan geessuuf manaa yoo baatu, loltoonni Raashiyaa karaatti itti dhufanii, leencattiif guyyaa tokko dura bishaan akka kennaniif itti himan. Bakkicha fanjii dhuka'uun waan marfamee jiruuf dhaquu akka hin dandeenye itti himan. Kanneen nageenya bineensotaaf falman taateen akkanaa Ruuraa qofa kan mudate miti jedhu.
Bineensonni to'annoo namaa jala, manneen dhuunfaa keessa akka jiran kumaatamaan lakkaa'aman Yuukireen keessa akka jiran himu. Leenconni, Qeerransoonni, Biiriiwwan [bears], Sardiidonni, Naachonni fi Jawwee gurguddaan akka jiran himu. Kaaba-Baha Yuukireen, Karkiiv ollaa Saltiivkaa jedhamtu keessaa osoo Raashiyaan Yuukireen hin weerariin durayyuu namoonni nageenya bineensotaaf falman, leencota lama, gosa qeerransaa Jaaguwaar fi qeerransa tokko mana nama dhuunfaa keessaa baraaruuf fedhaa turan. "Erga waraanni eegalee booda abbaan manichaa bineensota kana gatee baqate. Amma haalli keessa jiran hin beekamu," jetti hojjettuu Waldaa falmitoota nageenya bineensotaa Yuukireen kan taate Iriinaa Koroobkoo. Naannichatti Raashiyaan haleellaa qilleensarraa irra deddeebiin raawwachaa waan jirtuuf namuu dhaqee ilaaluu hin dandeenye. "Bineensonni kumaan lakkaa'aman to'annoo namoota dhuunfaa jala jiran kunneen yeroo waraanaa kana akkam ta'u kan jedhu dhimma guddaadha," jetti Iriinaan. Yukireen keessatti bineensonni akka leencaafi qeerransaa hanga doolaara 1,500 gurguramu. Kuni ammoo seeraan alaa jedhu namoonni nageenya bineensotaaf falman. Dabalataan manneen nyaataa keessatti bineensonni keessummoota akka bohaarsan, kadhattoonni bineensota qabanii ittiin kadhachuu fi ogeeyyiin suura kaasan bineensota waliin suuraa nama kaasanii maallaqa kafalchiisuun Yuukireen keessatti baramaa ture. Waywaannaa falmitoota mirga bineensotaan booda mootummaan Yuukireen gochoota kana dhorkuun seera baasee ture. Dhaabbanni nageenya bineensotaa irratti hojjetu 'Four Paws' akka jedhutti Yuukireen keessa bineensi Biir [bear] jedhamu 100 ol ammallee to'annoo namoota dhunfaa jala jiru. Dhaabbatichi amma dura biirii 25 baraaruu hima.
Dhaabbatichi amma dura biirii 25 baraaruu hima. Waraanni Raashiyaan Yuukireen irratti bante akkuma eegaleen bineensonni muraasni baraaramanii gara biyyoota ollaatti kan baafaman yoo ta'u, irra hedduun dawoo bineensotaa keessaati malee manneen namoota dhuunfaa keessaa miti. Dhaabbileen nageenya bineensotaa irratti hojjetan bineeyyii kana baraaruuf yaalii gochaa jiru. Leenca dhaltuu kophaa hafte Ruuraa namni fudhatu argamus loltoonni Raashiyaa itti siqsuu didan. Asiyaan sababa jenereetarri bishaan ittiin eela keessaa baastu cabee fi saroota isheef nyaata dhiyeessuun rakkisaa ta'eef gadi dhiisuuf turte. Haata'u malee, loltoonni Raashiyaa saroota 1000 fi adurroota 200f nyaata dhiyeessuun, jenereetarri cabes akka suphamu gargaaranii jiru.
Waraana Raashiyaa - Yukireen: Loltoonni guyyaatti dolaara 2000 kanfalameefi gara Yukireen ergaman barbaadamaa jiru Ni barbaadama: Loltuu afaan garagaraa dubbatuufi dhoksaan gara Yukireen imalee guyyaatti miindaa gaarii hanga dolaaraa 2000 fi faayidaa biroo argamsiisa. Hojichi maatii lafa lolli jiru keessaa baasuudha. Beeksisi kuni waan filmiirraa fudhatame fakkaata garuu dhugaadha. Barreeffamni kuni dhaabbata tajaajila nageenyaa kennurraa fudhatame. Maqaan dhaabbatichaas Silent Professionals, jedhama. Akka namni keessa beeku jedhutti barbaachi namoota muuxannoo waraanaa qabanii dabaleera. Waraana Yukireenitti hammaatee jiru kanatti kontiraaktaronni Ameerikaafi Awurooppaa keessaa duula namoota bakka waraanaatii baasuu hanga meeshaa geessuutti barbaadamaa jiru. Lammiin Kaanaadaa - Ameerikaa barreessaafi dhaabbilee waraanaa dhunfaarratti ogeessa ta'e Roobart Yaang Peltoon ''gabaan akkaan ho'eera'' jedha. Ta'us, yaaddoos qaba. Rakkoon nageenyaa akka hammaatu taasisuus mala jechuun hima. Kanneen qarshii hammanaan barbaadamaa jiran loltoota duraanii loluufi ajjeesuuf ga'umsa qabanidha. Waraana Yukireenitti hammaateen namoonni biyyoota Lixaatii bahuun gara Yukireen dhaqanii fedhiin lolan ni jiru. Beeksisi bahe, akka Obbo Peltanitti, kontiraaktaroonni $30,000 and $6m'tti isaaniif kanfalamee uummata Yukireenii akka baasan gatiin isaaniif dhihaachaa jira. Qarshiin guddaa kan dhihaateef maatii hunda qabeenya qaban waliin warra bahu barbaadaniifi jechuun ibsu. Gatiin dhihaate kan gargara ta'e hammi hojichi walxaxaa ta'e waan walcaaluufi jedhu Hoogganaan dhaabbata basaasaafi nageenyaa Mozaayik jedhamuufi buufata isaa US godhatee yeroo ammaa Yukireeniiti sosso'aa kan jiru Tooni Sichiyenaa. ''Yeroo ummanni baraaramu baay'ate, baasiin isaas hammanuma guddata.
Daa'immaniifi maatii baasuun ni rakkisa. Gatiin mala isaan biyyattii baasurratti hundaa'a,'' jechuun ibsu. Dhaabbati isaanii gara caalu waraana caalaa basaasa akka dalagu kan himan Tooniin, maamiltoota isaanii keessaa tokko ''dhaabbata basaasaa biyya guddoo tokkodha'' jechuun dubbatu. ''Akkaataa garatti lolli kuni qajeelurratti hundaa'uun, akka yaada kiyyaatti barbaachisummaan [dhaabbilee waraanaa dhuunfaa] itti fufa,'' jechuun ibsu. Dhaabbileen waraanaafi nageenyaa dhuunfaa waggoota dheeraaf turaniiru. Haleellaa 9/11 booda waraana Iraaqiifi Afgaanistaan irratti garuu osoo mootummoota lixaafi fedhii daldalaaf sosso'anii xiyyeeffannoo ummataa jala seenaniiru. Yeroo lola Iraaq dhaabbileen kontiraata dhuunfaa Bilaakwaater jedhaman socho'aa ture. Hojiin isaaniis garee waraanaa sosso'uuf eegumsa taasisuu, akkasumas loltootaaf tajaajila manaafi soorataa dhiheessuu dabalata. Haa ta'u malee, bara 2007 lammiileen nagaa 14 loltoota isaan ajjeefaman boodaafi kaaninis Bilaakwaatar maqaan isaa bade. Baha Awuroppaatti dhaabbileen nageenyaa dhuunfaa korporeeshinootaafi namoota dureeyyiif eegumsa ni taasisu. Yeroo Yugoslaaviyaan addaan diigamte humnoota Bosniyaafi Kirooshiyaa tumsuuf dhaabbileen hedduu qacaramaniiru. Kunneen eeyyama US'n kan raawwatan turani. Indaastiriin kuni guddataa jira. Ta'ullee, kontiraaktarootaafi qarshii socho'u faana dhahuun garuu ni rakkisa. Akka gabaasa Aerospace & Defense News'tti dameen waraanaa dhuunfaa bara 2020 dolaara biiliyoona 224 sochoosurraa bara 2030 $457bn socho'utti guddata jedhamee eegama. Dhaabbileen kontiraaktaroota waraanaa biyyoota alaa Yukireen keessaa lolaa hin jirru jedhu. Muraasni isaanii Yukireeniifi biyyoota ollaatti lafa waraanaatti hojjechuuf muuxanoofi ga'umsa qaban akka erganiif dhaabbilee miti-mootummaafi gargaarsaan akka gaafataman himu.
Dhaabbileen waraanaa dhuunfaa biyyoota lixaa keessatti argaman seera biyya argamiin qajeelfamuu jedhu koloneelli duraanii US dhaabbilee kana keessa Iraaqitti dalagan Kiristoofer Meeyar. Hojiin isaanii namoota yookiin qabeenya eeguu malee lola kallattii keessa seenuu miti jedhu. Kanneen hojii kana keessa jiran 'loltoota qarshiin bitamani' moo loltoota qarshii argachuuf dalaganidha? ''Kuni hojii Ameerikaafi eessattis argamudha,'' jedhu Meeyar. ''Garaagarummaan isaa lafa waraanni jiru carraan humna fayyadamuu akkaan olaanaadha.'' Garuu, garaagarummaan gidduu jiru laafaadha. Akka loltuun qilleensarraa duraanii US Afrikaa keessa kontiraaktaraan hojjetan jedhanitti garaagarummaan isaa xiqqaadha. ''Dhaabbata waraana dhuunfaa keessa seenuuf ga'umsa isaa yoo qabaatte qacaramtee ajjeesuufis ga'umsa qabda jechuudha. Murtee abbichaafi gabaa jiruutu murteessa,'' jedhan. ''Namoonni qarshiin bitamanii hojjetan bu'aaf jedhanii lola dheeressu,'' jechuun himu. Kana dura dhaabbati Executive Outcomes jedhamuufi Afrikaa Kibbaa buufate bara 1990 keessa mootummaa bakka bu'uun Angoolaafi Siyeeraa Liyoonitti loleera. Dhaabbati Sandline International, jedhamuufi buufata isaa Landan godhatemmoo lola Paappuwaa Niw Giinii, laayibeeriyaafi Siyeraa Liyoon keessa hirmaateera. Hundeessaan dhaabbilee lamaaniifi qondaalli humna addaa waraanaa duraanii Biriiteen Saayiman Maan carraan biyyoonni lixaa loltoota kontiraataan Yukireen keessa fayyadamuu ''baay'ee dhiphaadha'' jedhu. Private military contractors contracted by the US State Department in Afghanistan in 2005 Loltoota waraanaa dhaabbata dhuunfaa bara 2005 mootummaan Ameerikaa Afgaanistaanitti qacare Yukireenitti akkaataa qarshii argatan, qaama ajaja irraa fudhatan, akkasumas eeruun rakkisaa akka ta'u eeru. Gareen waraana raashiyaa qarshiin bitamanii yeroo ammaa Yukireen keessa argamu jedhama.
Gareen waraana raashiyaa qarshiin bitamanii yeroo ammaa Yukireen keessa argamu jedhama. Kana dura bara 2004 fonqolcha mootummaa Ikuwaatoriyaal Ginitti fashalaa'e hoogganuun shakkamanii hidhaa kan bu'an Maan, nama tokko biyyaa baasuuf hanga paawundii 10,000 akka kanfalamu yaadatu. Kaan immoo Yukireen keessa kontiraaktaraan dalaguun abbaa dalaguufis ta'e abbaa isaan qaxaruuf balaa ta'u himu. ''Hidhattoota gama kamiinuu qabamnaan akka basaastuutti si ilaalu,'' jedhu loltuun duraanii Biritiish Orlaando Wiilsan.
Waraana Raashiyaa-Yukireen: Meeshaaleen waraanaa biyyoonni Lixaa Yukireeniif kennan jijjirama fide qabaa? Raashiyaan qilleensa Yukireen irratti ol aantummaa qabachuuf dhama'aa jirtu, humnoonni Yukireen ammoo misaa'eloota biyyoonni Lixaa dhiyeessaniifiin qoxxistee eeggachaa jirti. Waraanni Yukireen viidiyoowwan hedduu helikooptaroota Raashiyaa misaa'elota lafarraa gara samiitti dhukaafamaniin rukutamanii wayita kufan agarsiisa. Torban darbe viidiyoon waraabame tokko heelikoptarri Raashiyaa haleelamuurraa baraaramuuf jecha lafatti gadi dhiyaatee fiixee mukaarra balali’aa ture agarsiisa. Misaa'eliin humnoota Yukireeniin dhukaafame sekeendiiwwan muraasa keessatti xiyyaaricha haleela. Heelikoptarri Raashiyaa humnoota Yukireeniin haleeleme otoo barbaddaan ibiddaa itti hin qabatiin dura lafa dhahe ture. Viidiyoon biraallee jeettiin Raashiyaa naannoo Karkivitti haleelamuu agarsiisa. Xiinxaltoonni dhimma waraanaa meeshaaleen biyyoonni Lixaa Yukireeniif dhiyeessan hojiirra oolaa jiraachuu isaaf kuni ragaadha jedhanii amanu. Jastiin Biroonk, qorataa Humna Qilleensa Institiyuutii Royaal Yunitid Sarvisiiti. Jastiin akka jedhutti, amma yoonaatti yoo xiqqaate xiyyaaronni Raashiyaa 20 Yukireenitti misaaayilaan rukutamanii kufaniiru. Xiyyaaronni rukkutamanii kufan ammoo heliikoptarootaafi jeettiiawwanillee ni dabalata. Lakkoofsi xiyyaarota rukkutmanii kufaniiru jedhamn kun, minisiteerri Ittisaa Yukireen jeettiiwwan 48 fi heelikoptaroota 80 kuffiseera kan jedhuun gadi. Ammas taanaan lakkoofsi xiqqaan kunillee Raashiyaan olaantummaa humna qilleensaa Yukireenirratti argachuuf qabsoo keessa jiraachuu agarsiisa. Yukireenirrallee miidhaa guddaatu qaqqabe. Ministirri Ittisaa UK Been Waalaas BBCtti akka himanitti, Raashiyaan amma yoonaatti humna ittisa haleeellaa qilleensaafi humna qilleensa Yukireen balleessuurratti hin milkoofne.
Waraanni otoo hin eegaliin dura xiyyaarri waraanaa Yukireen dura kan Raashiyaan gara daangaa isheetti funaante waliin wayita madaalamu, kan Raashiyaa yoo xiqqaate harka lamaan kan Yukireen caalu. Mr. Waalaas akka jedhanitti, Yukireen humna ittisa qilleensaa ishii guutummatti akka hin bannee gochuun danda’uun ishee xiyyaaronni Raashiyaa dhokachuuf jecha halkan akka balali’an dirqamsiise. Misaayiliin farra xiyyaaraa gatiitti namaarraa dhukaafamu kan maqaan isaa Maanpaadis(man-portable air defence systems) jedhamu gosa meeshaalee waraaanaa biyyoonni Lixaa Yukireeniif dhiyeessan keessaa tokkodha. Meeshaaleen waraanaa kun misaa'ela Ameerikaan tolchite beekamaa Istiriinjer jedhamu kan lafarraa ol dhukaafamuufi bara 1980 Afgaanistaan keessatti xiyyaaroota Gamtaa Raashiyaa durii haleeluuf tajaajilarra oole ni dabalata. Lakkoofsi isaa garuu hangam akka ta’e beekuun rakkisadha. Torban darbe Mr. Waalaas BBCtti akka himanitti , biyyoonni Lixaa meeshaalee farra-taankii "kumaatamatti lakkaa’amanii" fi Istiriinjerii kuma tokkoo ol Yukireeniif dabarsanii kennaniiru. CNN qondaala waraanaa Ameerikaa wabeeffachuun akka gabaasetti, farreen taankii 17,000 fi Istiriinjara 2,000 Ameerikaafi biyyoonni miseensota NATO Yukireeniif dabarsanii kennaniiru. Biriiteen fi Ameerikaan otoo Guraandhala 24 Raashiyaan weerara hin jalqabiin dursa, meeshaalee waraanaa kennaaniifi kan turan yoo ta’u, UKn misaayiloota farra taankii 2,000 kenniteef. Mr. Waalas gabaasa kanaan walqabaturratti wayita yaada kennan meeshaaleen kunneen konkolaattoota waraaana Raashiyaa mancaasuuf tajaajilaaf oolaniiru, "akka carraa ragaa kanas mirkaneessuu dandeenyeerra," jedhan. Qawweefi dhiyeessii meeshaalee waraanaa Biyyoonni hedduun isaanii meeshaalee waraanaa Yukireenitti erguu kan eeegalan Raashiyaan Yukireen weeraruu bu’uureffachuun ture.
Walumaagalatti biyyoonni 14 meeshaalee waraanaa Yukireeeniif dhiyeessaniiru. Biyyoonni meeshalee waraanaa dhiyeessan Siwidiin fi Fiinlaand kan dabalatu yoo ta’u, biyyoonni lamaan yeroo dheeraaf gartummaa waraanaa deeggaraa hin turre. Biyyoota miseensa NATO miti. Taatullee, biyyoonni lamaan kun qofti meeshaalee farra-taankii kumaataman lakkaa’amu Yukireenitti erganiiru. Jarman meeshaalee farra-taankii 1,000 fi misaayilota Istiriinjarii 500 Yukireeniif kenniteetti. Biyyoonni naannoo Baaltik misaa'ela Istiriinjariifi ‘Javelin’ jedhaman dabalatee meemeshaalee waraanaa hedduu biyyattiif dhiyessaniiru. Misaa'eliin Javelin jedhamu addunyaarratti meeshaa farra-taankii km 2.5 irratti taankii haleeluun sirriitti milka’aa ta’uun isaa himamuufidha. Yukireen akka jettutti, taankiiwwan Raashiyaan T-72 jedhaman hedduu haala milkaa’aa ta’een barbadeessera jette. Dhiyeenyatti meeshaleen waraana biyyattiif dabarfamanii kennaman qawwee kuma kudhanitti lakkaa’amu, dhootuu farra-taankiifi dhiyeessii meeshalee waraanaa biroo toonii dhibbaan lakkaa’amaan kan dabalatu, akkasuma koffiyyaa balaarra ofittisuuf mataaatti keeewwatamu, uffata rasaasa qolachuuf uffatamuufi meeshaalee wal’aansaa of keessaa qaba. UKn akka himtetti, meeshaaleen waraanaa kun akka Yukireeniif dhiyeeffaman ‘saffisiisuu’’ gargaaraa turte. Qondaaltonni biyyoota Lixaa garuu akka itti meeeshaaleen waraanaa kunneen gara Yukireenitti qaxxaamurfaman odeeffannoo bal’aa hin kennine. Taatullee, Raashiyaan tarkaanfii waraanaa Baha Yukireen irratti fudhachaa wayita turte dhiyeessiin meeshaalee kanaa fi yaa’insi namootaa karaa Dhihaa biyyoota ollaaarraa itti fufe. Ministiroonni humna ittisaa waraana biyyoota akka Istooniyaa, Siwidiinifi Deenmaark dhiyeessin meeshaaleen waraana haala milkaa’aan torban as aanaan keessa Yukireen qaqqabuu BBCf mirkaneessan.
Ministiroonni humna ittisaa waraana biyyoota akka Istooniyaa, Siwidiinifi Deenmaark dhiyeessin meeshaaleen waraana haala milkaa’aan torban as aanaan keessa Yukireen qaqqabuu BBCf mirkaneessan. Meeshaaleen waraaana biyyoota Lixaatiin Yukireeniif dhiyeeffaman garaagarummaa ni uumu, yoo Yuukireen humna waraanaa ittigargaaramuu danda’u qabaachuu ittifufte ta’e. Mr. Biroonk akka jedhanitti, Yukireen meeshaa farra xiyyaraa fageenya dheeraa qaban, kan bara Sooviyeet durii tajaajilaaf oolan qabaachuun xiyyaaronni Raashiyaa gara lafaatti gadi dhiyaatanii akka balali’aan dirqiiseera jedha. Inni kun caalatti xiyyaaroota Raashiyaa misaa'eloota fageenya gabaaba qabani kan biyyoonni Lixaa Yukireeniif dhiyeessanii caalatti isaan saaxile jedhe. Kun otoo haala kanaan jiru, Ameerikaafi biyyoonni Awurooppaa meeshaalee waraanaa Yukireenif dhiyeessan dabaluuf yaalaa jiru.
Weerara Yukreen: Roomaan Abiraamoovich maaliif kilaba isaa Cheelsii gurguruuf murteesse? Abbaan qabeenyaa kilaba Cheelsii Roomaan Abiraamoovich kilabicha gurguruuf murteessuu beeksise. Abbaan qabeenyaa Chelsii kun fuula marsariitii kilabichaa irratti ibsa baaseen, "murtee baayyee ulfaataafi nama dhukkubsu" murteessuu isaa ibseera. Abbaan qabeenyaa lammii Raashiyaa kun galiin kilaba Chelsii gurguruu irraa argamu namoota waraanaan miidhamaniif oola jedheera. "Galiin kilaba Chelsii gurguruu irraa argamu guutummaan guutuutti lammileen Yukireen sababa waraanaan miidhamaniif oola," jedhe abbaan qabeenyaa umuriin isaa ganna 55 ta'e kun. Erga Raashiyaan Yukireen irratti waraana bantee booda Abiraamoovich Sanbata darbe akka beeksisetti, "itti-gaaftamniifi itti-waamamni" Chelsii Faawondeeshinii kilabichaatti akka dabarsu dubbatee ture. Kun ammoo kilaba Chelsii liqii maallaqa Paawondii biliyoona 1.5 keessa akka seenu kan godhe Abiraamoovich kilabicha gurgurtaaf dhiyeessu tilmaama jedhu uumeera. Roomaan Abiraamoovich kilaba isaa keessatti qabxiin barbaadu argamuu baannaan manaajeroota gara laafina tokko malee ari'uun beekama. Dureessi lammii Raashiyaa kun Pirezidant Vilaadmiir Putiin waliin baayyee walitti dhiyaata jedhama, garuu inni kana ni waakkata. Kana hordofee ammoo namichi dureessi Haans Joorj Wiis jedhamu akka bitatuuf gaafatamuu isaa gaazexaan Siwiidin Biliik Roobii gabaaseera. Wiis ammoo akka beeksisetti, yaaddoo qoqqobbii paarlaamaa irraa kan ka'een," Chelsii saffisaan gurguruuf" barbaade. Chelsii bituudhaaf Abiraamoovichiif gaaffiin akka dhiyaatef BBC Soprt kan hubate yoo ta'u, kilabiin kun hanga Paawondii Biliyoona sadii baase jedhamee tilmaamama. Abiraamoovich ibsa baaseen akka jedhetti, "Yeroo hunda murteewwan kiyya kanan murteessu fedhii kilabichaa ilaalcha keessa galchuunidha".
"Haala amma jiruun kilabichaaf, deeggartoota isaaf, hojjetootaafi ispoonsaroota isaa, akkasumas michoota isaa ni fayyada jedhee waanan amanuuf kilabicha gurguruuf murteesseera," jechuun ibse Abiraamoovich. BBC Sport akka hubatetti Faawondeeshiniin Chelsii kilabicha to'achuudhaaf ammallee waliif hin galle. Abiraamooviich ibsa Sanbata baaseen waraana Raashiyaan Yukireen irratti bante osoo hin kaasiin hafuu isaatiif ammoo qeeqameera. Taphattoonni garee kibbaa miilaa kanaa ammoo oduun kun dursee akka isaan qaqqabu hin taasifamne jedhameera. Taphattoonni oduu kana kan dhagahan tpha AFA Cup marsaa shanaffaa taasisuuf bakka jiran magaalaa Luutan Taawon irraa dirree seenuuf daqiiqaan muraasni yeroo hafuttidha. Tapha sanaanis 3fi2 durfamuu irraa ka'anii mo'achuudhaan gara nuusa xumuraatti darbuu danda'eera. Abiraamoovich bara 2003 Chelsii Paawondii miliyoona 140 baasee akka bitate ni yaadatama. Abiraamoovich kilabichaan bu'aa argamsiisanii? Kilabicha erga bitatee kaasee Chelsii jiijjiiruu irra darbee Piriimer Liigii keessatti sadarkaa cimaatti dorgomaa ta'uudhaaf maallaqa hangamitu akka barbaachisu fakkeenya ta'eera. Abiraamoovicha kilabichaaf Paawondii Biliyoona 1.5 ol kan liqeeffate yoo ta'u, kanaan ammoo milkaa'ina guddaa argamsiiseera. Erga inni abbaa qabeenyaa kilaba kanaa ta'ee kilabichi waancaa gurguddaa argachuu danda'eera. Shaampiyoonsii Awurooppaa si'a lama, Piriimer Liigii si'a shan, AFA Cup si'a shan, Yuroo Liigii si'a lama, akkasumas Waancaa Liigii si'a sadii mo'achuu danda'eera. Hagayya darbe keessa Suppar Kaappii ueafa kan mo'ate yoo ta'u, Guraandhala keessa ammoo Waancaa Kilabootaa mo'ateera. Manaajeroota 13 kan jijjiire yoo ta'u, kilabicha gabaa taphattoota jijjiiruu keessatti Paawondii biliyoona lama baasii godheera.
Manaajeroota 13 kan jijjiire yoo ta'u, kilabicha gabaa taphattoota jijjiiruu keessatti Paawondii biliyoona lama baasii godheera. Gareen dubartootaa Chelsiis Abiraamoovich jalatti milkaa'aniiru. Abiraamoovich maaliif gurguruu filate? Biliyeenaroonni Raashiyaa xiyyeeffannoo qoqqobbii Gamtaa Awurooppaa jala galaniiru. Kun ammoo Everten waliin hariiroo kan qabu abbaa qabeenyaa lammii Raashiyaa ta'e Aliiver Usmaanooviich waan ilaallatudha. Mootummaan Yunaayitid Kingidam hanga ammaatti Roomaan Abiraamoovich irrattis ta'e Aliiver Usmaanooviich irratti dhorkaa hin keenye. Bakka bu'aa Leebar Paartii kan ta'e Kiriis Biraayaan,"Qoqqobbii baayyee sodaachuu isaatiin mana isaa bor gurguruuf. Appartaamaan mana jireenyaa isaa biroos itti fufa," jechuun Kibxta darbe bakka bu'oota ummataatti waa'ee Abiraamoovich duubate. Gaafa Roobii yeroo ministirri muummee UK booris Joonsan gaaffilee dhiyaataniif keessumsiise keessatti gaggeessan Leebar Paartii Keeyir Istaarmer Abiraamoovich maaliif akka qoqqobbiin irra hin kaa'amiin gaafatee ture. "Saarkaa amma jiruun dhimmaa nama dhuunfaa kam irrattiyyu yaada kennuun sirrii miti," jechuun deebii kenne Booris Joonsan. Dubbi himaan Raashiyaa garuu gaaffii gaggeessaa Leebar paartii kana fudhatama dhabsiisuun, Abiraamoovich kan qoqqobbii isarra keessi waan tokkoyyu kan hojjete hin qabu jedheera. Wiis ammaa itti dabaluun, "Abiraamoovich viillaawwan isaa Awurooppaa keessaa qabu hunda isaanii gurguruuhaaf yaalaa jira. Chelsiis dafee gurguruu barbaada," jedheera. "Aniifi namoonni biroo sadii Chelsii Abiraamoovich irraa akka bitannuuf Kibxata darbe nuuf dhiyaatee ture." Dubbi himaan Abiraamoovich dhimma kana irratti yaada kennuudhaaf hayyamamaa hin taane.
'Yukireen mirkanatti waraana kana ni injifatti'-Biliinkeen Ministirri Haajaa Alaa Ameerikaa Antonii Biliinkeen uummatni Yukireen Raashiyaa injifachuun isaa waan oolu mitii ilaalcha jedhu akka qaban BBC'tti himan. Waraanni kun yeroo hanga kamiif akka turuu maluu kan hin ibsine Biliinkeen uummatni Yukireen garuu injifachuun isaa waan oolu mitii jedhan. Biliinkeen ''damdamannaa addaa'' uummata Yukireen dinqisiifataniiru. ''Yaadni Mooskoo mootummaa Yukireen buqqisuun mootummaa haaraa isheef ergamu dhaabuudha yoo ta'e, lammiileen Yukireen miiliyoona 45 ta'an karaa kamiinuu dura dhaabachuuf ta'u'' jedhan Biliinken. Waraanichi hanga ammaatti akka pireezidant Vilaadmiir Puutuun karoorsan deemaa hin jiruu jedhan. Ministirri Haajaa Alaa US, waahillan isaanii Gamtaa Awurooppaa waliin Biraaseelsitti erga mariyatanii booda kan BBC'f ibsa laatan. dippiloomatiin kun guyyoota jahaaf Awurooppaa daawwachuutti jiru. Hawaasni idila addunyaa Yukireen gargaaruudhaaf wanta gochuu qabu hunda ni godhaa kan jedhan Biliinkeen, inni ijoon, ''Waraana Vilaadmiir Puutiin filatee itti gale akka xumuru dhiibbaa ni goona'' jedhan. Yukireen ni injifattii jedhamanii yoo gaafataman ''yeroo keessa injifachuun ishee mirkana'' jedhan. ''Hammam akka fudhatu sitti himuu hin danda'u. Ta'uus Raashiyaan fedha isheef ni jilbeeffatti uummatni miiliyoonni 45 hiree hegeree fi bilisummaa isaaniif Raashiyaan Yukireenirra quba hin keewwattu jechuuncichanii falmachaa jir, kuni waan himu hedduu qaba.'' Biliinkeen itti dabaluunis muddamni kun hammaachaa deemuu isaarraa yaadoo qabaachuu dubbataniiru. ''Dhimmichi waan nu dhibu fi irratti xiyyeeffannuudha sababni isaas waraanni amma Yukireenitti adeemaa jiru isa caalayyuu hammaachuu mala.''
''Dhimmichi waan nu dhibu fi irratti xiyyeeffannuudha sababni isaas waraanni amma Yukireenitti adeemaa jiru isa caalayyuu hammaachuu mala.'' Humnoonni Raashiyaa namoota nagaarratti tooftaa ''ajjeechaa hamaa'' fayyadamaa jiruu jechuun kan akeekkachiisan yeroo ta'u, dararamni uummataa akkan guddaadha jedhan. Humnoonni Raashiyaa bu'uura misoomaa fi jireenyaa akka bishaan, anniisaa elektiriikiifi kaan uummata dhabsiisaa jiru jedhan. Tooftaan kun akka carraa ta'ee itti fufuun isa ahin oolu kuni daraaraa hammeessa jedhan Biliinken. Mooskootti mootummaan akka jijjiiramu US fedha qabdii? gaaffii jedhuuf Biliinkeen yoo deebii laatan ''Isa hin barbaannu, inni haala kamiinuu dhimma keenya miti. Uummatni Raashhiyaa hooggana isaa irratti ofii murteeffachuu qaba'' jedhan. ''Wantiin uummata Raashiyaan jedhu: weerarri waraanaa kun... akkamiin fedha keessa, dantaa keessan tajaajila?''
Waraana Raashiyaa-Yukireen: Dhaabbilee idil-addunyaa kamfaatu hojii Raashiyaa keessaa qaban addaan kutee? Waggoota 30 dura yeroo Sooviyeet Yuuniyeen keessatti sirni kominizimii diigamuu hodofee yeroo jalqabeefi karri daldalaafi inveestimentiin Raashiyaatti banaa wayita turetti biyyootni Lixaa hunda dursanii gara biyyattii seenan. Yeroo sanatti dhaabbileen bebbeekamoon akka Kookaakollaafi Maakdoonaaldis Raashiyaatti wayita hojii eegalan, biyyattiif bara haaraatu dhufe jedhama ture. Dhaabbiileen oomishaalee garaa garaa dhiyeessan, albuuda baasan, gorsitoota seeraa dabalatee dhaabbileen biroo hedduun Raashiyaa keessa tamsa’anii turan. Lammileen Raashiyaa jiinsii Leewwii uffachuu bashannanuufi oomishalee biyyoota Lixaa gatiin isaanii qaaliin ta’aniitti gargaaramuu eegalan. Waggoota 30f balballi sun banamee ture. Sana booda garuu waan haaraan uumame; Raashiyaan Yuukireen weerarte. Weerara kana hordofuun dhaabbileen biyyoota Lixaa hedduun isaanii hojii Raaashiyaatti hojjataa turan addaan kutaa jiru. Aple, Laand Roover fi HADM dabalatee dhaabbileen biroos daldala biyyattii keessaa qaban dhaabuu beeksisan. Dhaabbilee akkamii fa’aatu hojiisaanii dhaabaa jira? Kaan isaanihoo maaf callisan? Dhaabbilee boba’aa oomishan Dhaabbata boba’a baasurratti bobba’e BP jedhamu Yukireenitti battala loli ka’etti Raashiyaan hojii akka dhaabu dhiibuu jalqabde. Dhaabbatichi Raashiyaatti boba’a oomishuufi dhiyeessu ‘Roosnefit’ keessatti qooda olaanaa qabatus, guyyoota muraasa keessatti hojii akka dhaabu beeksise. Dhaabbileen damee boba’aarratti hojjatan kanneen akka Sheel, Eksoombili fi Ikkuwiner abbootii aksiyoonaa, lammileefi mootummoorraa dhiibbaan waan isanirratti hammaateef akka addaan kutan himan.
Dhaabbileen boba’a oomishaniifi dhiyeessan akka laaftuutti kanneen ilaalaman miti. BP’n dhaabbilee damee kanarratti hojjatan keessaa dhiyeenyatti galii argateen sadarkaa 5ffaa qaba. Sheel immoo dhaabbata gaazii boba’aa Raashiyaa guddicha Gaazpiroom waliin hariiroo qabu addan kutuusaatiin hanga doolara Ameerikaa biliyoona sadii kasaaruuf akka jiru raagameera. Gama biraatii, Tootaal Inarjiin Raashiyaatti pirojeektota haaraa maallaqaan hin deeggaruu jedhee beeksise. Taatullee hojiiwwan iveestimentii duraanii keessa bahuuf fedha hin qabu. Damee bo’aartii Fiilmiin Warneer Biroosin haaraan Raashiyaatti akka hin argariisfamne mirkanaa’era. Dubbiin kun lammilee biyyattii fiilmii jaalatanii oduu gaarii miti. Dhaabbannii fiilmii oomishu kun haala qabatamaa biyyattiin keessa jirtu ka’umsa godhachuun fiilmiiwwan haaraa gadhiisuu dhiisera jedhe. Neetfiliiksi biyyattii keessatti pirojeetiiwwan isaa haaraa dhiisuu isaa ibsuun, dhiibbaa yeroof mudate ‘’gamaggamaan jira’’ jedhe. Dhaabbileen hundi isaanii murtoorra kan qaqqaban sabababii qoqqobbiin Raashiyaatti dabarfameen miti. Sababni isaan dhiyeessan‘’rakkoo namoomaati,’’jedhu. Taatullee murtoon isaani kun Raashiyaaf dhaamsa dabarsu qaba. Kunis lammi biyyattii qooda kan jedhuudha. Dhaabbilee teeknoloojii Appil Raashiyaatti oomisha ofii gurguruu kan dhaabe yoo ta’u, appil peyi fi kaartaa appilii fi tajaajilota biroo dangeesse. Kanaan alatti suuqiwwan iddoo gurgurtaa biyyattii keessaa qabu cufeera. Appil ganna 24’f biyyattii keessa kan hojjate yoo ta’u, murtoon dhaabbatichi murteesse deebise isalle ni miidha jedhamee amanama. Gama biraatiin, dhaabbileen teeknoloojii muraasni odeeffannoo dharaa tamsaasu jedhamuun tajaajilli isaanii jalaa daangeffamees jiru.
Fakkeenyaaf, dhaabbileen miidiyaa mootummaan to’atu qabiyyee isaanii akka mirkanaa’u fi qooduuf fedha hin qaban jechuun ibsuusaa hordofee Raashiyaan Feesbuukii daangessite. Dhaabbilee omisha isaanii dhiyeessan Dhaabbanni faashinii Siwidiin ‘H & M’ jedhamu dhaabbata Raashiyaatti oomisha isaa dhiyeessu dhiise isa guddaa ta’e. Kana hordofuun dhaabbileen biroo hedduu fakkeenyummaa isaanii hordofuu akka danda’an himame. H & M Yukireen keessa‘’haalli gaddisiisaa’’jiru eeruudhaan hojii wayita dhaabu, ‘Nike’ dabalatee dhaabbiileen sadarkaa addunyaatti beekaman biroo maamiloota isaanii Raashiyaa jiraniif dhiyeessuuf wabii amansiisaan hin jiru. Addabaabahii Mooskoo isaa beekama ta’e biratti iddoo gurgurtaa guddaa kan qabu Burberii jedhamu Raashiyaatti maamiltoota keenyaaf dhiyeessuu waan hin dandeenyeef guutummaatti garasitti fe’uu dhiisneerra jedhe. Raashiyaan bara 2021 iddoo oomshni biyyoota Awurooppaa itti gurguramu ishee guddoo sadarkaa shanaffaa qabatte yoo taatu, gabaan kun Paawundii UK biliyoona 337 baasa jedhamee tlilamaama. Dhaabbiileen hedduun isaanii gurgurtaa oomisha isaanii guutummaatti addaan kutuu caala dhimmichi ‘’hordofaa jirra’’ykn hojii dhaabneerra jechuurratti akka argaman yaadni ni dhiyaatu. Omshitoota konkolaataa Sababii weerara Raashiyaatiin walqabatuuf dhaabbileen bebbeekamoon akka Jaaguwaar, Laand Roover, Jeneraal Motarsi, Aston Martiin fi Rolis Rooyis jedhaman konkolaattoota erguu dhiisan. Amma konkolaattota gara Raashiyatti geessun rakkisaadha. Sababni isaa, dhaabbileen gurguddoon galaanarra meeshalee deddeebisan MSC fi Meerisk jedhaman nyaataa, meeshalee wal’aansaafi gargaarsa namoomaatiin alatti waan biraa Raashiyaaf hin feenu jedhan. Dhaabbileen konkolataataa oomishan kanneen akka Voolswaaganii fi BMW qaamni konkolaataa Yukireenitti oomishaman waan hin jirreef jecha yeroo murtaa’eef hojii dhaabaniiru.
Dhaabbileen konkolataataa oomishan kanneen akka Voolswaaganii fi BMW qaamni konkolaataa Yukireenitti oomishaman waan hin jirreef jecha yeroo murtaa’eef hojii dhaabaniiru. Dhaaabbilee gorsa seeraa kennan Sirni kominizimii diigamuu hordofee Raashiyaatti dhaabbilee hojii eegalan keessaatti dhaabbileen gorsa seeraa kennan gurguddoon ni eeramu. Weerara Raashiyaa hordofuun irra caalan isaanii kan callisan ta’ullee, dhaabbanni gorsaa kennu ‘KPMG‘ jedhamu UK keessa maadheeffate maamiltoota keenyaa waliin hariiroo qabnu gamaggamaa jirra jedhe. Kana jechuun UK fi biyyoota addunyaarra kan jiran waliin hariiroon qaban akka addan cituu malu beeksise. Dhaabbanni gorsa kennu kan biraa ‘EY’ jedhamu qoqqobbii kaa’ame akka kabaju eeruun, hariiroo mamiltoota isaa Raashiyaa jiran waliin qabu addaan kutuu fi dhiisuu hin beeksifne. Dhaabbileen gorsaa fi seeraa biroo hariiroo maamiltoota isaanii waliin qaban kan Raashiyaa waliin akka walbira madaalan eeraniiru.
Ergaan dhumaa loltoonni Yuukireen 13 Raashiyaan ajjeefamuu waraabanii kaa'an miidiyaarratti ijoo dubbii ta'e Odola bicuu garuu Bilaak Sii, Zimiinyi, keessatti baayyee lafa barbaachiftuufi tarsiimowaa taate ykn Snake Island [Odola Bofaa]-waraana Raashiyaan Yuukireen irratti banteen walqabatee bakka wanti ajaa'ibaa itti raawwatame taate. Mootummaan Yukireen loltoota 13 odola xiqqashuu kana eegaa turanharka loltoota Raashiyaatti hin laannu jedhanii boombiin dhumuu beeksisuun galateeffachuuf akka jiru hime. Yukireen odolawwan qabdu keessa odolli Zimiinyi(odola bofaa) odola xiqqashuu yeroo taatu, Raashiyaan Yuukireen irratti weerara erga raawwattee humnootni Raashiyaa lafa to'atan keessaa tokko. Yukireen loltootni 13 odola sanirraa qabdu hundi harka keenya hin laannu jedhanii gootummaan boombi dhumuu gabaasa. Humnoonni galaanaa Raashiyaa odolittii gahanii harka kennadhaa jedhanii ergaa yoo dabarsan loltootni kun sagalee tokkon abadan jedhanii jedha mootummaan Yukireen. Ergasii humna galaanaafi qilleensaan boombii itti dhukaafameen dhumanii jedha mootumman. Raashiyaan gama isheen wanti Yuukireen jettu dhugaa miti jechuun loltootni hundi harka kennatanii jiru, hi ajjeefamnee jetti. Odeeffannoo kana ilaalchisee qaamni walaba ta'e mirkaneeffateeru hin jiru. Odolli xiqqashuun kun galaana gurraacha(Black Sea) irratti naannoo Odeessaa jedhamurraa fageenya km 142 irratti argamti. Sagalee waraabame kan mootummaan Yukireen gadhiise irratti loltootni dhumaniiru jedhamn kun humna galaanaa Raashiyaa waliin yoo dudubbatan ni dhagaahama. ''Kuni humna galaanaa Raashiyaati'' jedha sagaleen tokko. '' Dhangala'uu dhiigaa hanqisuufi miidhama xiqqeessuuf hidhannoo keessan akka lafa keessaniin yaad isinii dhiyeessa. Yoo diddan boombiin isin fixna'' Sagalee dhugummaa isaa BBC'n hin mirkaneeffanne kana irratti loltootni Yukireen walitti erga dudubbatanii booda walii galanii ''kanuma'' jedhu.
Yoo diddan boombiin isin fixna'' Sagalee dhugummaa isaa BBC'n hin mirkaneeffanne kana irratti loltootni Yukireen walitti erga dudubbatanii booda walii galanii ''kanuma'' jedhu. Achii booda deebii ''humna galaanaa Raashiyaa gaannama bu'aa'' jedhu kennu. Akka mootummaan Yukireen jedhutti kunniin jechoota dhumaa Raashiyaan haleeluu ishee dura warra odolittii eeganirraa dhagaahamaniidha. Pireezidantiin Yukireen Voolodimiir Zeleneskii ''odola keenya Zmiinyi irratti, eegdonni daangaa hunduu hanga dhumaatti falmatanii gootummaan du'aniiru'' jedhan. ''Haaa'u malee, harka hin laanne. Hundi isaanii kennaa gootota Yukireen ni fudhatu. Yaadannoo barabaraa warra Yukireeniif lubbuu kenneef.'' Mooskoon gama isheen loltootni odolittii 82 fedhaan harka kennachuu malee waayee miidhaa qaqqabees ta'e haleellaa raawwatamee hin ibsine. Loltootni Raashiyaa galma magaalaa guddoo, Kiyeev, gahuun wayita gabaafametti Ministirri Ittisaa biyyatti jiraattotni magaalitti ''boombii hidhanii dhoosaa diina akka dhabamsiisan'' waamicha godhaniiru. Pireezidant Zeleneskiin kaayyoon Raashiyaa hooggana biyyaa dhabamsiisuun siyaasaan Yuukireen dhabamsiisuudha jedhan ''Akkan odeeffannoo qabnutti diinni anaan akka xiyyeeffannoo tokkoffaatti, maatii koo ammoo xiyyeeffannoo lammataatti'' qabateera jedhan. Pireezidantichi magaala Kiyeev gadhiisanii akka hin baaneefi loluu akka itti fufan himan.
US fi biyyoonni Lixaa biroo Pirezidaant Putiin fi Ministira Dhimma Alaa isaaniirra qoqqobbii kaa'an Raashiyaan Yuukireen irratti waraana banuu hordofee Ameerikaa dabalate biyyoonni Lixaa Pirezidaantii Raashiyaa Vilaadmiir Putin fi Ministira Dhimma Alaa isaanii Sergee Laavroov irra qoqqobbii addaa kaa'an. Haaluma kanaan qabeenyaawwan aanga'oota olaanoo Raashiyaa kanneen lamaanii Ameerikaa, Awurooppaa, Yunaayitid Kingdom, akkasumas Kanaadaa jiru akka hin sochoone kan dhorkame yoo ta'u, Ameerikaan ammoo addatti qoqqobbii imala isaan dhorkullee itti dabalteetti. Aanga'ootarra qoqqobbiiwwan akkanaa kaa'uun baayyee kan baratame miti. Gamtaan Awurooppaa kanaan dura tarkaanfii wal fakkaatu fudhatee kan beeku pirezidaantota Siiriyaafi Beelaarus irratti qofa ture. Ameerikaan ammoo tarkaanfii walfakkaatu kan fudhatte gaggeessaa Venezuweelaa Nikoolaas Maaduuroofi gaggeessaa Siiriyaa Bashir Al-Asaad irrattidha. Pirezidaant Putiin fi Ministirri Dhimma Alaa Laaviroov biyyoota Lixaa gara garaa keessaa qabeenya hangamii akka qaban kan hinbekamne yoo ta'u, qoqqobbiin kaa'amellee bu'aa inni qabaatu ifa miti. Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti Manni Maree Nageenyaa (UNSC) weerara Yuukireen irratti raawatame akka balaaleffatuuf murtee dhiyaate Raashiyaan mirga humna guutuu akka murtoofne gochuu qabduun kufaa taasifteetti. Yaada murtee weerara kana balaaleffachuuf bahe Raashiyaan yoo kuffiistu miseensota mana maree 15 keessaa 11 deeggaraniiru. Qoqqobbiin biyyooni Lixaa Pirezidaant Putin fi Ministira Dhimma Alaa isaaniirra kaa'an kun, Raashiyaan Yuukireen irratti waraana bantee guuyaa lamaffaa irratti yoo ta'u, lollo kun gara magaalaa guddoo Yuukireen seenee daandii gurguddaa magaalattii irratti gaggeeffamaa jira.
Qoqqobbiin biyyooni Lixaa Pirezidaant Putin fi Ministira Dhimma Alaa isaaniirra kaa'an kun, Raashiyaan Yuukireen irratti waraana bantee guuyaa lamaffaa irratti yoo ta'u, lollo kun gara magaalaa guddoo Yuukireen seenee daandii gurguddaa magaalattii irratti gaggeeffamaa jira. Biyyoonni Lixaa waraana Yuukireen irratti banameefi isaan walqabatee dhiiga dhangala'uuf Pirezidant Vilaadmiir Putiiniin itti-gaafatamaa yoo godhan, Pirezidaantichi garuu biyya isaa tarkaanfii kana kan fudhatteef namoota nagaa Yukireen Bahaa jiran eeguudhaaf akka ta'e himaa ture. Gamtaan Awurooppaa yeroodhaaf Ameerikaa irraa adda bahee qoqqobbii imalaa aanga'oota kanneenirra kaa'uu irraa of qusateera. Lotoonni raashiyaa wayita gara magaalaa guddoo Kiyeevitti dhiyaachaa dhufanitti, gaggeessitoonni Yuukireen Raashiyaan waraana banteef akka adabamatuuf biyyoonni Lixaa qoqqobbii cimaa akka irratti fudhataniif gaafachaa turaniiru. Biyyoonni Lixaa kunneen tarkaanfii waraanaa raashiyaa fudhatte kanaaf deebii humna waraanaatii akka hin kennine karaa gara garaatiin ibsaa kan uran yoo ta'u, qoqqobbii raashiyaa irratti dhiibbaa hamaa fidu kallattii hundaa'aa akka kaa'an garuu akeekkachiisaa turaniiru. Hanga ammaatti Ameerikaa, Gamtaa Awurooppaafi Yunaayitid Kingidam dabalatee biyyoonni Lixaa tarkaanfiiwwan gara garaa qophaa qphaa isaaniifi waloon kan fudhatan yoo ta'u, waraanni kun kan itti fufu yoo ta'e qoqqobbiiwwaniifi dhorkaawwan itti fufu jedhamaa jra.
Rakkoo Yukireen: Raashiyaan loltootashee daangaa irraa sochooseera jettulleen yaaddoon akkuma jiruutti jira jedhu Baayidan Raashiyaan loltootashee daangaa Yukireen irraa boobbaafte ture keessaa hanga tokkoo gara boodaatti deebisuu beeksiiftulleen, pirezidaantiin Baayidan garuu ammalleen yaaddoo Raashiyaan Yukireen weeraruu dandeessi jedhu qabaachu himan. Pirezidaantiin Ameerikaa Joo Baayidan carraan Raashiyaan weerara raawwachuu akkuma jiruutti jira erga jedhaniin booda, miidhaan namoomaa weeraricha hordofuun qaqqabuu maluu olaanaa ta'u akka danda'u akeekkachiisan. Ameerikaa dabalatee biyyoonni Awurooppaa Raashiyaan daangaa Yukireeniitti loltoota kuma 150 ta'u akka bobbaafte himu. Ministirri Ittisa Raashiyaa gama isaaniitiin miseensota waraanaa biyyattii gara daangaa Yukireeniitti dhiyeessite keessaa muraasa sochoosuu ibsanii ture. Baayidan garuu kun hin mirkanoofne jedhu. ''Loltoonni Raashiyaa naannicha gadhiisanii bahuunsaanii gaarii ta'ee osoo jiruu, kun ta'unsaa garuu hin mirkanoofne'' jechuun dubbatan. ''Xinxaltoonni keenya ammaalleen naannichii haala yaaddeessaa keessatti akka argamu mul'isaniiru'' jedhan Pirezidanti Baayidan. Ministirri Dhimma Alaa Ameerikaa Antoonii Biliinkan haaluma walfakkaatuun MM Raashiyaa Sargeeyii Laaviroov waliin marii karaa bilbilaatiin taasisaniin, Raashiyaan waraanashee daangaa Yukireen irraa sochoosuu isheetiif ragaa akka kennituuf gaafataniiru. Haasaan Baayidan kun kan dhagahame, erga Vilaadmiir Puutiin bulchiinsi isaanii dhimma nageenya biyyasaanii xiyyeeffannaa addaatiin akka ilaalan erga dubbataniin booda ture. Vilaadmiir Puutiin biyyisaanii Raashiyaan Yukireen weeraruuf gonkumaa karoora akka hin qabne irra deddebiin yoo dubbatan dhagamu. Haata'u malee Puutiin loltoota gara kuma 100 ta'an gara daangaa Yukireeniitti siqsuun isaanii naannichatti muddama olaanaa uumeera.
Haata'u malee Puutiin loltoota gara kuma 100 ta'an gara daangaa Yukireeniitti siqsuun isaanii naannichatti muddama olaanaa uumeera. Yukireen miseensa Nato akka hintaane Puutin mirkaneeffachuu barbaadu. Naton naannichatti cimuunsaa Raashiyaaf yaaddoo akka ta'eetti ilaalu Puutiin. Naton garuu yaaddoo Raashiyaa kana hin fudhatu. ''Ummanni Ameeriikaa dimookiraasiifi bilisummaa mirkanneessuuf aarsaa kanfalamu ni hubata. Kun ammoo miidhaa malee akka hin dhufne itti fakkeessuu hin barbaadu,'' jechuun dubbataniiru Baayidan. Ministirri Mummee UK Booriis Joonsan gamasaanitiin maddeen biyyasaanii Raashiyaan daangaa irratti hospitaala yeroo ijaaraa jiraachuu himu. MM Joonsan toora tiwitara isaanii irratti akka ibsaniitti, sochiin ijaarsa hospitaala kunis qaama karoora weerara raashiyaa ta'u mul'isa jedhaniiru.
Yukireeniin weeraruuf Raashiyaan %70 qophofteetti jedhan maddeen US Rashiyaan weerara guutuu Yukireen irratti torbanoota dhufan keessatti gaggeessuuf qophii dandeetti humna waranaa ishee %70 irra geesseetti jedhan qondaaltonni US. Guraandhala keessa halli qilleensaa jijjiirame lafti cabbiin jabaachuu isaa waan hin oolleef, Moskoon meeshalee gurguddoo yeroos fiduu malti, jedhu qoondaltonni US eenyummaan isaani hin ibsamne. Raashiyaan daangaa Yukireen irratti loltoota 100,000 ol qabdi jedhame yaadamus, weerara karoorfachaa jiraachuu garuu ni haalti. Qondaaltonni US kun himata isaanii kanaaf ragaa hin dhiyeessine. Odeeffannoon kun hordoffii tikaa irratti kan hunda’e ta’uu himuun, dhimmichi waan rakkisaa ta’eef garuu odeeffannoo dabalataa kennu akka hin dandeenye eeruun, miidiyaan US gabaaseera. Dabaluunis qondaltonni US kun, pireezdaantiin Raashiyaa Viladmiir Putin, Yukireeniin weeraruuf karoorsuu isaa akka hin beekneefi ammayyuu furmaata dippiloomasii irra ga’amuun akka danda’amu ibsaniiru. Haalli qilleensaa jiru Raashiyaan Guraandhala 15 hanga dhuma Bitootessaa gidduutti meeshalee ishee akka sochooftuuf eeyyamuu mala jechuun qondaaltonni US lamaan Reuters’tti himaniiru. Akka gabaasaaleen eeranitti, weerara Raashiyaan Yukireen irratti gaggeessituun namootni nagaa 50,000 ta’an du’uu akka danda’an, qondaaltonni kun akeekkachiisaniiru. Dabaluunis, weerara kanaan magalaan gudditti Yukireen, Kiyeev guyyoota muraasaa gidduutti akka kufuu dandeessuu fi kunis namootni miiliyoonaan lakkaa’aman waraanaa irraa baqatanii Awuroppaa keessatti rakkoon baqattoota uumamuu akka malu tilmaamaniiru. Humnoota Nato naannicha jiran waliin waraanni Lixaa akka dhabbaatu agarsiisuuf looltoonni US dabalataa Pooland qubbachaa jiru.
Humnoota Nato naannicha jiran waliin waraanni Lixaa akka dhabbaatu agarsiisuuf looltoonni US dabalataa Pooland qubbachaa jiru. Gartuun loltootaa jalqabaa kibbaa-lixaa biyyatti Rizeszoow Sanbata seeneera. Bulchiinsi Baayden guyyoota muraasa dura akka beeeksisetti looltoota dabalataa 3,000 ta’an gara lixa Awuroppaatti ni erga. Mooskoon looltonni ishee naannicha kan qubatan leenjiif akka ta’e himus, Yukireenii fi waayilootni ishee Lixaa garuu biyyattiin haleellaa gaggeessuuf akka qophaa’aa jiru yadda’uu itti fufaniiru. Waldhabdeen kun dhufe erga Raashiyaan bulchiinsa Yukireen Kirimiyaa foxxoqsuun, warraaqsa hamaa Donbas keessa ture deeggarte gara waggootii saddeet booda dhufe. Raashiyaan mootummaan Yukireen, waligalteee Miniskii hojiirraa hin olchine jechuun himatti. Waligalteen idil addunyaa kun, baha keessatti bakka finciltoonni Raashiyaan deeggaraman naannolee tokko tokko to’atanii fi bara 2014 irraa eegalee yoo xiqqaate namootni 14,000 itti ajjeefaman keessatti nagaan akka bu’u kan eerudha. Raashiyaan, Yukireen miseensa Nato akka taatuuf eeyyamamuu hin qabdu jechuun falmiti. Morkiin Raashiyaa fi US gidduu jiru, kan lameenuu meeshaa waraanaa nukilarii addunyaa guddaa qaban, yeroo waraanaa ‘Cold War’ jedhamuu kan jalqabedha. Yukireen qaama ijoo bulchiinsa komunistii Soveet Yuniyeeni turte.
Pireezidant Putiin humna nikuleeraa Raashiyaa sakatta'uuf yaalii godhamu hoogganuufi Muddamni Raashiyaa, Yukireeniifi biyyoota Lixaa wayita hammaachaa jirutti Raashiyaan humna Niikuleeraa ishee sakatta'uuf yaalii misaayelaa Sanbata gaggeessitu pireezidant Putiin akka hoogganan gabaafame. Pireezidant Vilaadmiir Puutiin Sanbata xiqqaa kana shaakala waraanaa guddicha biyyattiin gaggeessitu akka hoogganan Raashiyaan beeksiste. Shaakalliiwwan waraanaa kun misaayeloota baalistikiifi kiruus jedhaman furguggisuun gahuumsa meeshaa waraanaa Niikuleeraa sakatta'uuf akka ta'e ibsameera. Raashiyaan sagantaan kun muddama Yukireen waliin jiru hammeessuu osoo hin taane sagantaa idilee ta'uu beeksifte. Ministeerri Ittisaa Raashiyaa ammaan tana daangaa Yukireen waliin jiru irratti loltootni, qaamoleen humna qilleensaafi kan galaanaa walumatti 149,000 qubatanii jiraachuu beeksieera. Raashiyaan yaalii dhukaasa misaayelootaaf qophaayaa kan jirtu hoogganooni addunyaa Jimaata har'aa koonfireensii nageenyaa Jarman magaalaa Muuniikitti wayita gaggeessaa jiranittidha. Raashiyaan erga bara 1999 yeroo duraaf konfiransii kana irratti osoo hin argamiin hafte. Kun kanaan osoo jiru ibsa mootummaan Raashiyaa loltoota isaa naannoo daangaarraa baasaa jira jedhuuf US ragaan hin jiru jetteetti. Ergamaan addaa US ammaan tana Raashiyaan daangaa Yukireen irratti loltoota hanaga 190,000 qubachiisuu dubbatan. Awurooppaatti Amaasaaddara nageenyaafi waltumsuu kan ta'an Maayikil Kaarpentar loltootni Raashiyaa amma daangaarra jiran 169,000-190,000 ta'uu jedhan. Hanga Amajjii 30'tti lakkoofsi loltoota Raashiyaa daangaarra jiranii 100,000 hin caalu ture.
Hanga Amajjii 30'tti lakkoofsi loltoota Raashiyaa daangaarra jiranii 100,000 hin caalu ture. Dippiloomatiin kun Raashiyaan Yukireeniin weeraruuf sababa barbaadaa jirti jedhan. Yaa'ii Muunikitti eegalame irratti haasaa kan taasisan barreessaa Olaanaan Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii Antooniyoo Gutareez muddamni jiru hammaatee gara waraanaattii yoo galame ''balaan isaa hamaadha'' jedhan. ''Loltootni Raashiyaa daangaa Yukireen irratti baayyachuun ani akkaan yaaddaheen jira. muddamniifi tilmaamni jiru waraanni Awurooppaa keessatti dhalachuu akka malu'' jedhan Gutareez. Waraanni jalqabnaan dippiloomasiif carraan waan hin jiraanneef dubbiin hamaa ta'a jechuun akeekkachiisan.
Hoogganoonni biyyoota Lixaa muddamni Raashiyaan fi Yukireen akka qabbanaa'u gaafatan US fi michootni ishee kan Awurooppaa muddamni Yukireen waliin jiru akkaan hammaatee gara weeraraatti akka hin galle Mooskoo akeekkachiisan. Pireezidantiin Ameerikaa Joo Baayidan Ministira Muummee UK Booris Joonsen fi hooggantoota biyyoota Firaans, Jarmanii fi Xaaliyaan waliin mariyachuun weeraramuu Yukireen hambisuuf ''mala harka isaanii jiru hunda'' fayyadamuurratti waliigalaniiru. Baayidan Kibxatahar'aa gita isaanii kan Raashiyaa Vilaadmiir Puutiin waliin bilbila viidiyoon ni mariyatu jedhameera. Raashiyaan daangaa Yukireen waliin qabdurratti loltootashee akkaan qopheessaa jiraachuun weerarri dhalachuu akka malu sodaa uumeera. Warri Lixaa yaaddoo qabaataniis Mooskoon garuu karoora Yukireeniin haleeluu hin qabu jechuun warri Lixaa dubbii kakaasaa jiruu jechuun himatti. Akka Waayit Haawus jedhutti biyyootni Lixaa koonfiransii Wiixata galgala gaggeessaniin sochii waraanaa Raashiyaan yaaddoo waloo qabaachuu ibsaniiru. ` Walabummaa dachii Yukireen eegsisuuf deeggarsa gochuufis hooggantootni biyyoota Lixaa shan waliigalaniiru. Raashiyaan weerara yoo raawwatte diinagdee biyyattiirratti dhiibbaa guddaa gochuuf tarsiimoo waloo qopheessuus Waayit Haawus beeksiseera. Akka miidiyaaleen US jedhanitti tarkaanfiiwwan fudhatamuu mala keessaa baankiiwwan Raashiyaa sirna kanfaltii idila addunyaa akka hin fayyadamne danquu kan argamu yeroo ta'u waraanni US kallattiin hirmaachisuurratti yaadni hin jiru. Dubbii himaan Isteet Dippaartimant US Need Piraayis deebiin Waashingitan tarkaanfii Mooskoorratti hundaa'a jedhaniiru. ''Raashiyaan muddama hanqisuu yoo hin filanne, yoo karoora Yukireen weeraruuf qabatteen itti fufte, walabummaa Yukireen yoo mulqite...nuufi michoonni keenya tarkaanfii fudhachuuf ni qophoofna, murannoon tarkaanfii fudhachuuf ni qophoofna'' jedhan.
''Raashiyaan muddama hanqisuu yoo hin filanne, yoo karoora Yukireen weeraruuf qabatteen itti fufte, walabummaa Yukireen yoo mulqite...nuufi michoonni keenya tarkaanfii fudhachuuf ni qophoofna, murannoon tarkaanfii fudhachuuf ni qophoofna'' jedhan. Ammaan tana loltootni Raashiyaa kumootaan lakkaawwaman dhiyeenya daangaa Yukireenitti bobbaafamanii aragamu. Bakki sochiin waraanaa Raashiyaa kun itti jabaate bakka Raashiyaan bara 2014 Yukireen irraa fudhatte Kireemiyaatti. Aanga'oonni Yukireen Moskoon dhuma Amajjiitti haleellaa waraanaa raawwachuuf qophoofteetti jechuun himatu. Raashiyaan gama isheen olala warra Lixaatu muddama hammeessaa jiraa jetti. Pirees Sekireetariin pireezidant Putiin Dimeetirii Peeskoov pireezidantiin Raashiyaa ''xiyyeeffannoo guddoon'' karoora Baayidan Yukireen irratti dhiyeessan dhaggeefatuu jedhaniiru. Daandiin muddama hanqisuuf jiru tokko Kiyeev waldhibdee naannoo Donbas jiru humnaan furuuf yaada jiru jijjiiruurratti hundaa'a jedhaniiru.
Dhuguma Raashiyaan Yuukreeniin weeraruufii? Loltoonni Raashiyaa dhuguma waraana Yuukreen keessatti banuuf qophaa'aa jiruu? Kun dhimma haalaan warra lixaa yaachisaa jiruudha. Erga Raashiyaan kutaa kibba Yuukreen qabattee waggoota torba guuteera, ergasiis kutaa biyyattii gara bahaa ta'an kanneen Yuukreen irraa cituu fedhan deeggaraa jiru. Raashiyaan kaayyoo weeraraa hin qabu jetti, garuu US ammoo yoo haalli weeraraan walqabatu jiraate qoqqobbii kaa'uuf qophaa'aan jira jetti. Garuu waliigalatti maaltu ta'aa jira? Yuukreen biyyoota Awurooppaa fi Raashiyaa waliin daangaa qooddatti, garuu akka qaama Rippaablika Sooviyeet duraaniitti Raashiyaa waliin hariiroo aadaa fi jiruu fi jireenyaa hundee jabeeffate qabu, afaan Raashiyaas akkaan dubbatama. Raashiyaan isa Yuukreen jaarmiyaalee warra Awurooppaa keessa seenuuf tattaafattuu fi Gamtaa awurooppaatti maxxanuuf yaaltu dura dhaabbachuun beekamti. Fedhiin Raashiyaa inni guddaan Yuukreen akka miseensa Nato hin taane yookiin dacheesheerratti humna waraanaa qindaa'aa ta'e akka gadi hin dhaabne barbaaddi. Bara 2014 Yuukreen pireezdantiin ishee michuu Raashiyaa ta'e wayita aangoorraa hariitu Raashiyaan ammoo Kiriimiyaa gama kibbaa Yuukreen irraa fottoqfatte. Gareen adda ba'uu fedhan kan deeggarsa Raashiyaa qaban kutaa Yuukreen gara bahaa keessa irra caalaa qooddatan, bakki isaan qooddatan kun walumatti Donbas jedhamee beekama. Walitti bu'iinsi baha Yuukreen ture hanga har'aallee jira. Yuukreen Raashiyaan taankii , meeshaalee waraanaa gurguddaa akka sinaayippariifaa bakka kanatti erguu himti. Dhuguma loltoonni Raashiyaa daangaa Yuukreen kanarra buufatee jiraa kan jedhu yaaddoo guddaa ta'eera, warri lixaa waraanni 100,000 ta'u buufatee jira jedhu.
Dhuguma loltoonni Raashiyaa daangaa Yuukreen kanarra buufatee jiraa kan jedhu yaaddoo guddaa ta'eera, warri lixaa waraanni 100,000 ta'u buufatee jira jedhu. Doorsisi yookiin weerarri ifatti pireezdantii Raashiyaa Vilaadmiir Putiin ifatti labsan hin jiru. Dubbi himaan Kireemliin namni hunduu akka tasgabbaa'u akeekkachiisan, Ministirri Dhimma Alaa Itti Aanaa Raashiyaa Sergei Ryabkov ammoo dhiphinni amma itti jiramu yoo dhaabbachuu baate goolamni siyaasaa akka bara 1962 mudachuu mala jecuun akeekkachiisan. Bara 1962 goolama misaa'elaan mudatetu ture, yeroo sana US fi Yuuniyeniin Sooviyeet haleellaa niwukilaraa walitti banuuf ga'anii turan. Qaamoleen tikaa warra Lixaa fi Yuukreen yeroo ta'etti bara 2022 keessa weerarri yookiin haleellaan mudachuu mala sodaa jedhu qabu. Ministirri Ittisaa Yuukreen Oleksiy Reznikov dhuma Amajjii bara 2022tti waraana hammaataaf qophaa'uun waan hin oolleedha jechuun yaaddoo qaban ibsan. Jaarmiyaan tikaa US ammoo Amajjii dhufu keessa loltoonni Raashiyaa 175,000 ta'an weerara yookiin lola mudachuuf malu keessatti hirmaachuu malu jedhe. Daayirektarri CIA William Burns Pireezdant Putiin loltoota, qaamolee tikaa fi kaan bakka qabachiisaa jiru jechuun shakku.U Nato'n dhimma Yuukreen keessa seenee wabii ta'aa fi hin ta'uu kan jedhu dhimma gaaffii guddaa ta'ee jiruudha. Muddee 7 bara 2021 Pireezdanti Baayidan gitasaanii kan Raashiyaa Vilaadmiir Putiin waliin viidiyoodhaan walii bilbiluun dhimma kanarratti walitti dubbataniiru. Qondaaltonni lameen dhiphinni keessa galamee jiru akka salphatu yaada dhiyeessanis garuu hanga ammaatti dhibdeen inuma itti hammaataa jira malee wanti furame hin jiru.
Waggaa 40 booda dubartoota Raashiyaaf baabura oofuun hayyamameef Dubartoonni Raashiyaa magaalaa Moskoo baabura akka hin oofneef uggurri baroota dheeraaf irra kaa'amee kan ture yoo ta'u, amma garuu gara hojiisaaniitti akka deebi'an hayyamameera. Abbaan Taayitaa magaalattii dubartoonni baabura akka oofan iyyamuun bara haaraa dhufaa jiruun kan walqabatuudha, calaqqee bara haaraati jedheera. Yeroo ammaa magaalaa Mooskoo keessatti dubartoonni 12 leenji'anii baabura akka oofaniif qacaramaniiru. Bara haaraa faranjootaa irraa kaasee mirgi baabura konkolaachisuu dubartootaa ni kabajamaafis jedhameera. Jaarmiyaan geejjiba baaburaa salphaa magaalaa Moskoo, dubartoonni akka baabura hin oofne kan dhorkan waggaa 40 dura ture. Dubartiin yeroo dhumaaf baabura oofaa turtemmoo bara 2014 ture hojiishee kan gadi dhiiste. Waggoota kurna afurii ol dura hojiin baabura oofuu hijii dubartoonni akka hin hojjenne dhorkaman keessatti ramadamee ture. Hojiiwwan dubartoonni akka hin hojjenne dhorkaman kanneen akka konkolaattota gurguddoo tasaabii qabanii oofuu, doonii yabaluu fi baabura oofuun humna waan barbaadaniif dhorkaan kaa'ame jedha mootummaan. Dubartoonni yeroo ammaa hojii baabura oofuu eegalan kunneen 12 huccuu fedhan uffachuu danda'u, yoo fedhan kofoo fedhan ammoo qoloo gabaabduu uffachuu danda'u jedhameera. Raashiyaa keessatti dubartoonni hojiiwwan gosa 365 irratti akka hin hirmaanne dhorku hanga yoonaallee jira. Haalli hojiiwwan kunneenii sa'atii tokko keessatti ulfaatina kiilogiraama 10 kan kaasisu yoo ta'e hojii humnaa waan ta'eef dhiironni qofti akka hojjetantu gorfama. Quuqamtoonni mirga dubartootaa Raashiyaa waggoota dheeraaf seera kana dura dhaabbachaa turaniiru. ''Ulfaatinni daa'imman waggaa tokko giddugaleessaan kiilogiraama 10 ni ta'a.
''Ulfaatinni daa'imman waggaa tokko giddugaleessaan kiilogiraama 10 ni ta'a. Kanaafuu akkaataa seera kanaan daa'imman keenyallee baachuu dhorkamuu qabna.'' jedhu. Dubartoonni kunneen dhiyeenya kana seerri kun akka fooyya'uu fi kaan ammoo akka ka'u mana murtiitti iyyataniiru. Sababa kanaan hojiin dubartoonni dhorkaman 365 irraa gara 96tti xiqqaateera. Yeroo ammaa hojiiwwan akka dubartoonni hin hojjenne dhorkaman kanneen keemikaalaa fi wantoota dhuka'an of keessaa qaban qofaadha. Dubartoonni Raashiyaa bara 1936 irraa kaasanii mirga baabura oofuu qabu turan, mirgi kun bara 1980 irraa sarbame. Amma garuu mirgi kun deebi'eeraaf, kanneen falmaa turanis milkaa'aniiru, jaarmiyaan geejjiba baaburaa magaalaa Moskoo yeroo ammaa dubartoota 12 kan qacaree jiru yoo ta'u bara itti aanu hedduusaanii qacaruun fedha jedheera.
Siiriyaa: Ameerikaan erga Raashiyaa waliin walitti buutee humna dabalataa Siiriyaatti bobbaaste Ameerikaan erga Raashiyaa waliin irra deddeebiyuun walitti buutee lakkofsa loltoota seera kabashiisu jette Siiriyaatti bobbaastu dabaluun dhaga'ame. Qondaaloti Ameerikaa akka jedhanitti, konkolaataawwan waraanaa ja’a dabalatee loltoonni 1,000 Kaaba-baha Siiriyaattii bobbaafamaniiru. Naannoo Siiriyaa kana to’achuurratti Ameerikaafi Raashiyaa gidduu bara kana muddamni dabaleera. Tarkaanfiin kun ‘’nageenya humnoota Gamtaa ni jabeessaa,’’ jechuun hogganaan Humna Waraanaa Bishaanirraa Ameerikaa Biil Arbaan dubbatan. ‘’Ameerikaan Siiriyaa keessatti eenyuu waliinuu lola hin feetu, haa tahu malee Gamtaa kana tiksuun garuu barbaachisaa dha,’’ jedhan Arbaan Arbaan Raashiyaa maqaadhaan hin dhoofne, ibsa qondaalota Ameerikaa biroorraa bahetu dhimma kana addeesse. ‘’Gochaan kun Raashiyaaf mallattoo gaarii dha, dubbii wal-dhabdee kakaasu irraa of qusachuun warra kaaniifillee gaarii dha,’’ jedhan qondaalli maqaan isaanii hin dhahamne. Loltuuwwan kunneen garas kan ergaman humnooti Raashiyaa lafa Gamtaan Ameerikaa fi humni warra Kuurdish jiran akka hin galle dhaabsisuufi. Dhuma baatii Hagayyaa irratti loltootni Ameerikaa konkokaataa Raashiyaatiin miidhamanii turan. Biyyooti lameen wal-dhabdee mudateef wal himatu. Raashiyaan mootummaa Siiriyaa yoo deeggartu Ameerikaan immoo finciltoota Kuurd deeggarti. Waraanni walii waliinii bara 2011 irraa qabee Siiriyaa raase ammallee furmaata waaraa hin arganne. Raashiyaan pireezidantii Siiriyaa Bashaar al-Asaad yoo deeggartu humni waraanaa Ameerikaa achitti buufachuu yeroo dheeraaf mormiteetti. Bara 2019tti Pireezidantii Ameerikaa Doonaald Tiraamp loltoota 1000 warra Kuurdish deeggaraa turan akka bahan taasisaniiru. Ji’oota muraasa boodammoo loltoota muraasa achi tursuu akka fedhan dubbataniiru ture.
Ji’oota muraasa boodammoo loltoota muraasa achi tursuu akka fedhan dubbataniiru ture.
Jibba Sanyummaa: Poolisiin ajjeeffamuun alatti loogiin gurraachotarra gahu maal fa'i? Hiriirri mormii jibba sanyummaa gurrachootaarratti xiyyeeffatu akka bakka biraatti Raashiyaa keessatti hin taasifamne. Namoonni achi jiraatan seenaasaanii BBC’tti himaniiru. Raashiyaa keessatti namoonni sanyii adda addaa kumaatamaan laaka’aman ni jiraatu – namoota achitti dhalatanii sanyii makaa qabanii fi namoota Afriikaa fi biyyoota galaanaa Kaaribiyaan irraa garas hojiidhaaf yookiin barnootaaf deemu.an hedduutu jira. Rooy Iboong, barataa ikoonoomiiksii, 21 Rooy Iboong dhalataa Koongoo ganna 21 yoo ta’u Yuunivarsiitii Naannoo Biryaansikitti ikoonoomiiksii barata. Rooy taaksii fayyadamuu barbaadee turus konkolaachisaan garuu tajaajila isaa kennuu hin barbaanne. Konkolaachisaanis “Namni fe’u natti hin tolu taanaan, tajaajila hin kennuufi. Konkolaataan kiyya” jedheen. Rooy akkas jedheen: “Nama sanyii biraa hin jaallattuu?” konkolaachisaanis, ”eeyye, hin jaalladhu” jedhee deebiseef. Boodarra dhaabbanni tajaajila taaksi kennu Rooyin dhiifama gaafateera. “Amala konkolaachisaa gaarii hin taane nutti himuu keetiif galatoomi. Taateen kun si mudachuusaatiif dhiifama,” jedhee barreesse bakka bu’aan tajaajila maamiltootaarratti hojjatu. Konkolaachisaan sunis guyyama san hojiirraa akka dhoorkame gabaafameera. Rooy waan isa mudate ‘Instagram’ irratti maxxansee ture. Namoonni muraasa isa deeggaranis isaan kaan immoo arrabsoo barreessanii maxxansaiiru. Rooy boodarra akkaawuntiisaa cufeera. Fayyadamtoonni miidiyaa hawaasummaa muraasni dhaabbatichi konkolaachisaa ari’uusaatiif qeeqaniiru. Kaan ammoo taaksi san fayyadamuu lagannaa taasisaniiru. 'Yeroo wayii kaaffee akka hin gallee na godhan’ “Yeroo wayii kaaffee akka hin galle na godhan.
Eegduun akkas jedhe, ‘Yeroo darbe Afriikaanonni dhufanii lolli waan tureef seenuu hin dandeettu’ naan jedhe. "Sun anaan wal hin qabatu jennaanis na dhagahuu dide. Hogganaa waamnaanis seenuu akka hin dandeenye natti hime." “Magaalaa Mooskoo fi Biryaansik jidduu garaagarummaa guddatu jira. Mooskoon biyya biraa fakkaatti. Achitti loogiin narra gahee hin beeku.” Raashiyaa keessatti yeroo poolisiin nama gurraacha rukutu argee hin beeku jedha Rooy. “Koongootti dhaladhee guddadhe. Eega Raashiyaa bara 2017 dhufe kan jibba sanyummaa arge. Yeroo ala baatu namoonni dhala namaati miti jedhanii si ilaalu.” Isaabeel Kastiiliyoo, maarkeetiing manaajer, 27 “Mooskoo jiraadha. Yuunivarsiitii Seent Piitarsbaargitti baradhe. ‘Yuzhno-Sakhalinsk’tti dhaladhe. Mana barnootaatti bifti gogaa kootii addaa waan ta’eef ijoollee biratti ilaalcha gaarii hin argadhu ture jetti. Isaabeel ‘Yuzhno-Sakhalinsk’ irraa gara bakka daandiirratti namoonni ishee itti hin ilaalle deemtee jiraachuuf yaada qabdi. Ishee fi abbaan ishee lammii Doominiikaan yeroo hedduu namoonni haala adda ta’een ilaaluuni. “Yeroo namootni mana kireessan maqaa kiyya bilbilaan dhagahan kaffaltiiyyuu waan kaffallu itti hin fakkanne ture. Qaamaan wal geenyee nama sirrii hojii qabduu fi manasaanii kuusaa qoricha sammuu nama adoochuu nama hin goone akka ta’e itti mul’ise.” ‘Diina namootaa’ Haati Isaabeel odola Sakhalin irraa yoo ta’an abbaan ishee immoo Riippabilika Doominikaan irraati. Abbaan ishee mana barnootaa jijjiirateeti kan gara Gamtaa Sooviyeet dhufe. Yeroo haati fi abbaan Isaabeel barattoota ta’anii wal fuudhan sanitti ilaalchi namootaa gaarii hin turre jetti. Haati tiyya qocollaan irra gaha ture.
Ati “diina namootaati” jedhanii ture jetti Isaabeel. “Yuunivarsiitii keessatti qabxii ol’aanaa qabaattus qabxii gadi aanaa kennuuf ture. Guyyaa obboleessa kiyya deettu san qormaata qabdi ture." Yuunivarsiitichi guyyaa qormaataa jijjiiruufis dide. Qorannoo ishee akka dhiheessituuf hayyama hin kennineef ture.” Maaksim Nikoolsikii, gaazexeessaa, 24 Mooskoo keessatti jibbaan sanyummaa narra gaheera. Yeroo tokko tokko namonni shakkiin na ilaalu. Geejjibarratti na bira taa’aniiru yoo ta’e bakka jijjiiratu fa’a. Yeroo barata sadarkaa tokkoffaa fi jiddu galeessaa ture sanitti jibbi sanyummaa narra gaha ture. Barattoota qofaan miti maatiinis akka isaan jibba sanyummaa qabatan godhu. Yeroo haati tiyya sagantaa maatiirratti argamtee waan ijoolleen biroo naan jedhan qeeqxu akkas jedhuuni: ‘Isa dahuun kee rakkoo keeti. Boodarra mana barnootaa ilaalchi ijoollee fi maatii gaarii ta’etti jijjiirame. Yeroo ijoollee ture sanitti mana barnootaa deemuu yeroon jibbutu ture. Amma garuu hagas hunda na hin aarsu. Ta’us garuu taateen akkasii ammas ni jira. Kamiilaa Oguun, taphattuu kubbaa kochoo,21 Kamiilaan dhalattuu Naayijeeriyaa fi Raashiyaati. Magaalaa Istaarii Oskoolitti guddatte. Achitti namoonni sanyii biroo heddu hin jiran ture. “Mana barnootaatti ijoollee daa’imummaarraa waliin baranne waan turaniif hagas hunda jibbi sanyummaa narra hin gahu ture. Ta’us garuu ijoolleen kutaa biroo maqaa adda addaatiin na waamu turan. Na arrabsu turanis." “Kilabiif taphachuudhaaf ganna 12’tti kan gara Mooskoo dhufe. Yeroo tokko tokko gaaffiiwwan akka, ‘Afriikaarraa dhuftee moo maali? naan jedhu." Yeroo baay’ee deebii nama kolfisiisu deebiseefii bira darba.
Yeroo baay’ee deebii nama kolfisiisu deebiseefii bira darba. “Kilaboonni kubbaa kaachoo dubartoota gurrachaa waan qabaniif jibbi sanyummaa hagas mara miti. Garuu yeroo Raashiyaadhaaf taphattu: Dhugatti lammii Raashiyaatii? Jedhanii fa’a gaafatu. Namootatti yeroo dubartiin gurraattiin Raashiyaadhaaf taphattu baacoo itti fakkattaata.” Aleenaa El-Huseen, ogeettii afaanii, 25 Aleenaan dhalattuu Raashiyaa fi Sudaaniiti. Mooskootti dhalatte. Jireenyashee guutuu adda akka taateetti yaaddi. “Yeroo hunda kan nama aarsu miti. Haala jirurratti hundaa’a. Yeroo kaan “gurraattii” jedhama. Yeroon namoonni ‘chookoleetii' jedhanii na waamanis jira.” Aleenaan rakkoon sanyummaa Raashiyaa jiruu fi USA jiru adda akka ta’e amanti. “Jibbi sanyummaa asii baay’ee gurroochotarratti kan xiyyeefate miti, irra caalaasaa riipaabilikaanota Sooviyeet asiin duraarratti malee. Hawaasa Raashiyaatu hamma ammaatti hin damaqne ta’a jettee yaaddi.
Pireezidaant Puutiin: Pireezidaant Puutin bara baraaf pireezidaantii Raashiyaa ta'uu? "Puutin yoo hin jiraannee, Raashiyaan hin jiraattu." Kun yaada qondaala Kireemliinii fi lammiilee Raashiyaa miiliyoonatti laakka'aman akka Puutiin aangoorra turaniif sagalee kennaniiti. Yaadni kun eega riifarandamiin guutuu biyyaalessaatti Adoleessa 1 taasifame booda kan dhugoomuudha. Kunis akka Pireezidaant Puutin marroo dabalataa lama kan waggoota 12'f pireezidaantii ta'anii akka itti fufan kan isaan gargaarudha. Pireezidaant Puutin ammatti ganna 67 yoo ta'an, filannoo kanaan ni filatamu taanaan hamma bara 2036'tti aangoorra turu jechuudha. Riifarandamiin maaf taasifama? Pireezidaant Puutin Amajjii bara 2020 heera biyyattii fooyyeessuuf yaada dhiheessanii turan. Sababiin inni guddaan riifarandamiin kun akka taasifmuuf murtaa'ee ammoo Puutiin marsaa dabalataa lamaaf aangoorra akka turaniifi yaadameeti. Riifarandamichi Ebla 22 taasifamuu karoorfamee kan ture yoo ta'u sababa uggura Covid-19'n Adoolessa 1'tti jijjiirameera. Tamsa'inna Covid-19 daangessuuf guutuu biyyattii keessatti filannichi guyyoota shaniif taasifama. Lammiileen Raashiyaa yeroo Puutiin MM ( bara 1999) ta'anii filataman arganiiru, achiis pireezidaantii ta'an (bara 2000- 2008), achiis irra deebiidhaan MM (2008- 2012) akkasumas irra deebiidhaan pireezidaantii ta'an (2012). Pireezidaant Puutiin qeeqa aangoorra hamma lubbuun jiranitti turuu yookiin yoo xiqqaate hamma bara 2036'tti aangoorra turuu barbaadu jedhuuf yookiin irra deebiidhaan filatamuu barbaada jechuu baatanis, garuu immoo hin haalle.
Namoota isaan gargaaran keessaa tokko kan ta'an Miseensi Paarlaamaa Vaalentiinaa Teereshkoovaa aangoorra turuu danda'u jedhu. Marsaa kana "yaadni isaanii fudhatama akka argatuuf waan hunda godhaniiru," jetti gaazexeessituun BBC Mooskoorraa gabaaftu Saaraa Raayinsifoord. "Namoonni hedduun yaada sirritti guddachuu dhabuu Puutiin kaasuuf yaalan waliin rakkinna hin qaban. Pireezidaant Puutiniin baay'ee hin jaallatan taanan, waa'eesaanis hammas hunda hin yaadda'an. Namoonni hedduu hoggannaa jabaadha jedhu," jetti Saaraan. Baha Jarman keessatti Puutin miseensa garee namoota aangoosaanii isa duraa dhaban keessaa isaan tokko turan. Ta'us garuu Raashiyaa haaraa ijaaruuf kan ijaaraman ture. Gara Mooskootti imaluun Kireemliin waliin hojjachuu jalqaban. Yeroo sanitti Pireezidaantiin Federeeshinii Raashiyaa Booris Yeelitsin turan. Namoonni daldala keessatti hirmaatan akka Booris Bereezoviskii fa'a deeggartoota Yeelitsin ta'an. Isaanis yeroo sanitti yeroo filannoon Raashiyatti taasifamu namoota dhiibbaa uumana keessaa tokko ta'uu dnada'aniiru. Bara 1999 Pireezidaant Yeelitsin Puutiniin MM Raashiyaa godhuun muudan. Amalli Yeelitsin haalan jijjiirame. Achiis Muddee 31 bara 1999 fedhiisaaniitiin aangoorraa bu'uu ibsan. Puutinis filannoo Bitootessa 2000 pireezidaantii kan yeroo ta'an. Puutiin eega aangoo qabatan ji'oota sadi booda miidiyaa harkasaanii jala galchan. Miidiyaan walabaa NTV jedhamu ni cufame. Miidiyaalee biroo immoo oduu mootummaatiin guuttaman. Adeemsa Puutin biyya bulchus mul'isan. Puutin suuta suutaa namoota ofiisaniitii amanan naannoleerratti muuduun naannolee 83 to'annoosaanii jala jalchan. Namoonni muraasni "Dimookiraasii balleessaaru" jedhanii qeeqanis adeemsisaanii naannolee akka Cheechiniyaa fa'a keessatti hojjateera.
Mormii namoota dimookirasii leellisaniin taasifameen booda bara 2012 filannoon naannolee gaggeefame. Ebla 2013 garuu oolaantummaan Puutin naannoleerratti qaban deebi'ee to'annoon isaaniis cime. Bara 2011 hamma 2013'tti hiriirri mormii filannoo walaba ta'ee fi riifoormii barbaacha irratti Mooskoo fi magaalota birootti taasifamaa ture. Mormii sunis eega 1990'oota booda isa guddicha ture. Puutinis sochii uummataa kana akka mootummoonni Lixaa dhimma Raashiyaa keessa seenaniif sababa ta'etti fudhatan. Eegasii Puutinis naannolee diinagdee isaanii akka to'atanii fi aangoo gara naannolees akka qoodamu waadaa galan. Jechi 'riifoormii' jedhu dubbii taasisan hunda keessatti fayyadamaa turanis yeroo gabaabaa qofaaf ture. Akkuma sodaatame adeemsasaanii jijjiiran. Guraandhala bara 2014 Kiriimiyaa to'annoosaanii jala galchuun Puutiniif injiffannoo guddaa, warroota Lixaaf immoo qaanii ture. Raashiyaan gartokkee biyya ollaa osoo addunyaa ilaaluu fi homaa godhuu hin dandeenye sanitti to'annaashee jala galchiteetti. Akka xiinxaltoota naannichaatti Raashiyaan waan fedhashee hojjachuuf aangoo addaa akka ishee hin babaachisne amanu Puutin. Kiriimiyaan injiffannoo Raashiyaa isa guddichaati, ta'us garuu taatee san qofa miti. Puutiin hariiroo warroota Lixaa waliin qabaachuu dhabuu isaanii akka carraa gaaritti itti fayadaman. Dhimma Siiriyaa keessa galuu, humnoota Asaad deeggaraniif deeggarsa kennuu fa'a akka carraatti itti fayyadaman. Gama biraatiin tasgabbii Baha Jiddu galeessaa irratti eenyullee to'annaa guutuu akka hin qabne mul'isaniiru. Gama kaaniin immoo maloota itti fayyadama meeshalee waraanaa itti fayyadaman haaraa agarsiisuuf carraa isaanii kenneera. Ergaa jabaa 'biyyoota ollaa dhihoo' ta'aniif dabarsaniiru: Raashiyaan hirriyyoota duraaniirratti akka garaa hin jabaanne.
Ergaa jabaa 'biyyoota ollaa dhihoo' ta'aniif dabarsaniiru: Raashiyaan hirriyyoota duraaniirratti akka garaa hin jabaanne. Turtiisaanii keessatti Puutiin yaada 'lafa Raashiyaa sassaabuu' jedhurratti dammaqiinsa uumaniiru. Yaada fiiwudaalizimii akka Raashiyaan daangaashee babal'iftu ibsu. Kanarraa kan ka'e Kiriimiyaa fi "ollaan dhihoon" isaanii maaf barbaachisoo ta'an hubachuun ni danda'ama. Arkaadii Ostirooviisikii diina ammayyumaati jedhu: Bulchaa Raashiyaa duranii danbii paartii ol ta'an. Ammaaf aangoon Vilaadimeer Puutiin jabaadha. Garuu yeroo turtiinsaanii bara 2024 dhumatu maaltu ta'a? Fulduratti maaltu akka uumamuu danda'u namni beeku hin jiru. Ta'us garuu Puutiin karoora ni karoorsu.
Ayyaana injifannoo Waraana Addunyaa Lammaffaa Raashiyaa Waggaa 75'ffaan injifannoo Waraana Addunyaa Lammaffaa Raashiyaa sodaa Covid-19 guyyoota muraasaaf darbaa ture, har'a Moskootti gaggeeffame. Ayyaanni kun yeroo kaan guyyoota 13 dura Waxabajjii 9 kabajama ture. Ayyaanni kun fooyya'iinsa heeraa Putiiniin ammas marsaa dabalataa lama aangoorra tursuu hayyamurratti sagaleen kennamuuf guyyootni yoo hafu gaggeefamaa jira. Yuuniyeeniin Ripaablika Sooshaalistii Sooviyeet(USSR) yeroo sanii waggaa 75 dura waraan Addunyaa Lammaffaarratti Naazii Jarmaniin injifatan. ''Hojiin keenya uummata Sooviyeet kanneen gootummaan Naazummaa injifata yaadachuudha'' jedhan Pireezidant Puutiin. ''Uummata keenyatu isa hamaafi guutummaatti cubbamaa ta'e injifatee'' jedhan. Naazii Jarmaniin Waxabajjii 8 bara 1945'tti garee biyyoota Biriteen, US fi USSR'n kan injifatame ta'uus, biyyootni Tokkummaa Raashiyaa isa durii keessa turan guyyaa kana Waxabajjii 9 kabaju. Pireezidant Vilaadmiir Putiin ayyaanni kun Waxabajjii 9 irraa guyyoota 13 boodatti hafe akka kabajamu kan taasisan sababa weerarri Covid-19 biyyattii keessatti hammaachaa jiruufi jedhameera. Tamsa'ina Covid-19 to'achuuf Raashiyaan walitti qabama namaa kan dhorkite ta'uus loltootni biyyattii kumootaan lakkaawaman Addabaabayii Red Square jedhamutti aragamuun agarsiisa meeshaalee waraanaa gurguddoon ayyaanicha miidhassaniiru. Ayyaana kana Puutiin yeroo kaan miira jaalala biyyaa uummata Sooviyeet cimsuuf itti fayyadamuu turan. Kan alanaa kun ammoo aangoorra turuu isaanii mirkaneeffachuuf guyyoota muraasa gidduutti wayita rifarandamiin gaggeefamuuf jedhutti ta'uun hika adddaa kennaafi.
Kan alanaa kun ammoo aangoorra turuu isaanii mirkaneeffachuuf guyyoota muraasa gidduutti wayita rifarandamiin gaggeefamuuf jedhutti ta'uun hika adddaa kennaafi. Raashiya keessatti yeroo amma namootni 600,000 ta'an Covid-19'n kan qabamanii jitu. Ayyaana kanarratti loltootni 13,000 ta'an, konkolaataa waraanaa 234 fi xiyyaarota waraanaa 75'n agarsiisa waraanaa gaggeesaniiru. Biyyootni miseensota Sooviyeet turan akkasumas Chaayinaa, Mongooliyaafi Serbiyaa irratti loltootni hirmaatan tura. Waxabajjii 9 ayyaana kabajamuun irra ture kanarratti Pireezidantiin Firaans Imaanu'eel Maakroioniifi kan Chaayinaa Shii Jinpiing ni argamu jedhamee ture. Guyyaa har'aas pireezidantootni Sarbiyaa fi Beelaaruus ni argamu jedhamee eegama.
Raashiyaan sababuma kanaan walqabateen bara 2015 irraa eegalee akka biyyattii dorgommiiwwan atleetiksiirratti akka hin hirmaanne dhorkamteetti.
Raashiyaan filannoo Ameerikaa bara 2016 keessa harka galfachuun burjaajesiteetti jedhamuun qoratamaa ture.
Raashiyaan yaalii intarneeta ofii hundeessuu ‘milkiin xumurte’ Raashiyaan guutuu biyyattiitti tajaajila intarneetii filmaata biraa yaaluu isheefi kunis milkiin xumuramuu beeksiste. Haalli qorannoo ifa kan hin taane ta'us Ministirri Kominiikeeshinii biyyattii fayyadamtoonni jijjiirraa intarneeta kanaa hubachuu dhabuu maluu jedheera. Bu'aan qorannoo kanaa pirezidant Puutiiniif ni dhiyaata jedhameera. Isa biyyoonni intarneeta akka idil - addunyaatti jiru biratti qofa qofaatti intarneeta hundeessuun isaanii haayyuulee yaachiseera. "Haala nama gaddisiisuun tarkaanfiin Raashiyaan interneetii gama biraatti jijjiiruuf fudhate kun adda citiinsi tajaajila interneetii akka ol'guddatu godha," jedhu yuunivarsiitii Saarey'tti saayintistii komputaraa kan ta'an Pirofeesar Alaan Wuudwaard Mootummoonni abbaa irree lammiilee isaanii to'achuu barbaadan Chaayinaafi Iraan hordofaa jiru jedhan. "Kana jechuun lammiileen waan biyyasaanii keessatti dubbatamaa jiru arguuf ni rakkatu,'' jedhan. Kaka'umsi kun hidhata Raashiyaan intarneeta addunyaa waliin qabdu kan daangessu yoo ta'u; kunis mootummaan wantoota lammiileen fayyadaman akka to'atu isa taasisa. "Kun immoo dhiheessitoonni intarneetiifi teleekoomii adda addaa daangaa isaanii keessatti intarneetii akkuma dhaabbilee gurguddoottii ofii isaanii akka dhiheessan taasisa" jedhu Prof Wuudwaard. Kanaafuu mootummaan akkamitti haala jiru kana sirreessa? Biyyoonni tajaajila interneetii karaa shiboo elekiriikiitiin argatu - kunis iddoo walqunnamtiin biyya tokkoo gara biyya kan birootti ce'uudha. Kun immoo cufamuu yookiin to'atamuu qaba. Isa kana hojiirra oolchuuf gargaarsa dhiheessitoota intarneetii biyya keessaa gaafata. Kana galmaan gahuuf immoo dhaabbileen mootummaan to'ataman jiraachuun barbaachisaadha.
Kana galmaan gahuuf immoo dhaabbileen mootummaan to'ataman jiraachuun barbaachisaadha. Akkuma baay'ina neetwoorkiifi tajaajilli kennu guddateen to'achuufis hammuma san ulfaata. Kanaaf Raashiyaan sirna biraa filannoof ta'u heddu qabdi jechuudha. Iraan keessatti Neetworkiin Odeeffannoo Biyyaalessaa tajaajilamtootaaf tajaajila interneetii akka argatan kan taasisu yoo ta'u odeefannoo isaan fayyadamanis ni to'ata. Kunis dhaabbata Teleekoominikeeshinii Mootummaa Iraaniitiin hogganama. Intarneetiin mootumaan akka hogganamu gochun faayidaa inni qabu keessaa tokko dhaabbileen intarneetii biyyoota biroo biyya keessa akka hin seenne gochuun dhaabbileen biyya keessaa akka babbahan gargaara. Kanaaf fakkeenyi kan Chaayinaa isa 'Great Firewall of China' jedhamudha. Raashiyaan dhaabbilee teeknooloojii ofishee kan akka 'Yandex' fi 'Mail.Ru' jedhaman irraa fayyadamti. Dabalataanis, wikipiidiyaa ofii ishee banuf yaada qabdi.
Onneen Qurxummii ganna miliyoona 380 ture argame Qorattoonni onnee waggaa miliyoona 380 ta'ee fi qurxummii seenaa duraa keessa tursiifame argachuu himan. Saamuda kanaan jijjiirama qaama dhiiga daddabarsu nama dabalatee, waa'ee bineensota lafee dugdaa qaban hunda keessatti argamu irratti hubannoo guddaa kenna jedhu. Onneen kun kan qurxummii Gogoo jedhamuun beekamu kan amma lafa irraa badeeruutidha. Argannoon "hawwisiisaa" jedhame kun barruu Saayinsii jedhamu irratti kan maxxanfame yoo tahu Lixa Awustiraaliyaa keessatti. Hoggantuun Saayintistootaa Prof Kate Trinajstic, Yunivarsiitii Kartiin Peerzi irraa ishee fi waahillan ishee argannoo guddaa jireenya isaanii keessatti isa ol aanaa tahe argachuu BBC Newsitti himte. "Naannoo kompiitaraatti walitti qabamnee onnee akka arganne hubannee baay'ee amanuu hin dandeenye! Haala nama ajaa'ibuun nama gammachiisa ture," jetti. "Kun jijjiirama mataa keenyaa keessatti yeroo murteessaadha," jedhan Prof Trinajstic. "Qaamni keenya isa jalqabaa irraa kkamiin akka jijjirama dhufe agarsiisa, kanas yeroo jalqabaaf fosiilota kana keessatti argine." Miiltoon qorannoo isaanii Yunivarsiitii Flinders Adelaide irraa Prof John Long argannoo kana ''argannoo sammuu namaa hawwatu, waan dinqiisaa'' jechuun ibseera. "Waa'ee qaamolee lallaafaa bineensotaa akkas umurii dheeraa qabanii hanga ammaatti hin beeknu ture," jedhan. Qurxummiin Gogoo gita qurxummii seenaa duraa placoderms jedhamu keessaa isa jalqabaati. Isaan kun qurxummii jalqabaa mangaagaa fi ilkaan qaban turan. Isaan dura qurxummiin 30cm hin caalu ture, garuu pilaakoodarmiin dheerinni isaa hanga meetira sagal guddachuu danda'a. Pilaakoodarmiin waggoota miliyoona 60f lubbu qabeeyyii hedduminaan pilaaneetii kanaarra jiraataa turan yoo tahu, kunis, daayinoosarootni jalqabaa lafa irra osoo hin deemiin waggoota miliyoona 100 ol dura ture.. Qorannoon fosiilii qurxummii Gogoo irratti godhame, onneen isaa isa qurxummiileen jalqabaa qabu jedhamee eegame caalaa walxaxaa akka ta’e agarsiise.
Pilaakoodarmiin waggoota miliyoona 60f lubbu qabeeyyii hedduminaan pilaaneetii kanaarra jiraataa turan yoo tahu, kunis, daayinoosarootni jalqabaa lafa irra osoo hin deemiin waggoota miliyoona 100 ol dura ture.. Qorannoon fosiilii qurxummii Gogoo irratti godhame, onneen isaa isa qurxummiileen jalqabaa qabu jedhamee eegame caalaa walxaxaa akka ta’e agarsiise. Golee lama, irraa fi jalatti kan qabu yoo taʼu, caasaan isaas onnee namaa wajjin wal fakkaata ture. Qorattoonni kunneen akka jedhanitti, kun onnee bineensichaa caalaatti gahumsa akka qabaatu kan godhe yoo ta'u, adeemsa tirannaa keessa qurxummii suuta socho'u irraa gara bineensa adamsuu danda’uutti cehuu agarsiisa jedhan. Waanti biraan hubatame ammo onneen qurxummii kun gara fuulduraatti kan siqe yoo tahu kun akka adeemsa keessa bakka sombaa fi mormaa qabaatan taasiseera kan jedhudha. Dr Zerina Johanson kan Muziyeemi Seenaa Uumamaa, Landan irraa, pilaakoodarmii irratti adda dureen qorannoo gaggesitu qorannoon kun ''argannoo garmalee barbaachisaa'' ta'uu ibsitee, kunis qaamni namaa maaliif akka dhaabbii har’aa qabaatu qorachuuf kan gargaarudha jette.
Maatii ijoolleen dubaraa shan hidhattootaan jalaa butaman gadhiisisuuf birrii mil. 10 kenne Naayjeeriyaa bulchiinsa Zamfaara keessatti ijoollee dubaraa obbalaa walii ta'an shan Waxabajjii darbe hidhattootaan butamanii turan beenyaa maatiin miiliyoonaan kaffaleen gadhiifaman. Ijoolleen dubaraa maatii tokkoo shanan ji'ootaaf harka hidhattootaa turuufi ji'a darbe hidhattootni viidiyoo isaanii gadhiisuun yaaddoofi dheekkamsa kaasee ture. Viidiyoo gadhiifame irratti ijoolleen dubaraa kun meeshaa waraanaa baatanii mul'atu, hidhattootni isaan butan ammoo kaffaliin hin raawwatamuuf yoo ta'e loltoota akka isaan godhan dubbatu. Aanga'oonni naannichaa dubartootni kun kan gadhiifaman hojii baraaruu qaamolee nageenyaan ta'uu dubbatanis maatiin garuu ijoollee isaanii kana gadhiisisuuf nayiraa miiliyoona 72 ($164,000) hidhattootaaf laachuu himu. Haati ijoollee dubaraa sadii Hajiyaa Hadiiz ijoollee ishee argachuutti gammaduu BBC'ti himte. ''Ijoollee koo dubaraa deebi'ee rgachuurraa abdii kutee hin beeku'' jetti. Hundi isaanii haala gaarii hin taane keessa akka traniifi biinbiifi kaaniinis gogaan isaanii miidhamee akka ture dubbatte. Hadiizaan ijoolleen ishee dubara amma gadhiifaman harka hidhattootaa wayita turan keessatti yeroo shan qofa qaama isaanii saamuna malee akka dhiqatan itti himuu dubbatte. Obbolaan dubaraa sadan, obbolaa isaanii dubaraa abbaan tokko lama waliin ji'a shan dura ture manni isaanii magalaa Furfurii jedhamtu keessa jiru hidhattootaan wayita haleelamu haadhaaliifi obbooleessa isaanii lama waliin kan butaman. Haadholiin lamaan atattamaan kan gadhiifaman fiigicha hidhattootni kun bakka dahoo isaaniitti godhan waan hin dandeenyeef ture. Ijoolleen dhiiraa lamaanis takka turanii dubbii hidhattoota waliin godhameen hiikaman.
Ijoolleen dhiiraa lamaanis takka turanii dubbii hidhattoota waliin godhameen hiikaman. Bulchaan bulchiinsa Zamfara ijoolleen kun erga gadhiifamanii Wiixata darbe dhaqanii ilaalanii qorannoon fayyaa akka godhamuuf ajajaniiru. Naayijeeriyaan hidhattoota nama butanii maallaqa hedduu gaafataniin rakkoo jabaa argaa jirti. Waggoota dhiyoo as ijoolleen kumaan lakkaawwaman manneen barnootaarraa osoo hin hafiin butamanii gadhiisisuuf maallaqni hedduun gaafatamaa jira. Zamfaaraa keessatti haleellaa hidhattootni raawwataniin cinaatti Dilbataa fi Wiixata darbe qofa naannolee ollaa saniitti raawwateen namni heduun butamee yoo xiqqaate 11 kan ta'an ajjeefamaniiru. Hidhattootni kunniin maallaqa guddoo kan gaafatan yoo ta'u maallaqicha hin argatan taanan warra butame ajjeesuuf doorsisu.
Baayidan tokkoon tokkoo barattoota miiliyoonaan lakkaa'amanirraa liqaa doolaara 10,000 haqan Pireezidantiin Ameerikaa Joo Baayidan barattoota miiliyoonaan lakkaa'amaniif liqaa baasii mana barnootaa akka haqaniif ibsan. Maallaqa mootummaan federaalaa ramadeef doolaara kuma 10 kan ta'u tokkoon tokkoo isaanitiif haquuf waadaa galan. Liqaa haquun kun carraansaa lammiilee Ameerikaa waggaatti galii doolaara kuma 125 gadi argatan ilaallata. Barattoota carraa sagantaa deeggarsa maallaqaa mootummaa jalatti fayyadamaa turaniif ammoo liqaa doolaara kuma 20 haqaniiru. ''Kanaan booda liqiin barattootarratti ba'aa hin ta'u,'' jedhan Joo Baayidan. Lammiileen Ameerikaa miiliyoona 43 ta'an liqii barattootaaf fudhatamu doolaara tiriiliyoona 1.6 ofirraa qabu. Kanneen keessaa harka tokko shanaffaa kan ta'an liqii doolaara kuma 10 ofirraa qabu. Kaffaltiin liqii walakkaa bara 2020 irratti yeroof dhababatee ture hanga xumura bara kanaatti akka turu murtaa'ee jira. Tarkaanfiin Baayidan liqii namarraa haquurratti fudhatan kun namoota galii gadi aanaa qabaniif haara galfii ta'a. Joo Baayidan erga dimokiraatonni jijjiirama fedhan dhiibbaa uumanii fi dhimma kanarratti guddoo dubbatanii booda liqii haquuf murteerra ga'an. Maallaqi barattootarra jiru akka haqamuuf namoota dhiibbaa guddaa uuman keessaa Seenaatar Eelsaabeet Moorin fi Chaak Shumar isaan muummeyyiidha. Karoorri isaanii namoota liqii ofirraa qaban hunda irraa doolaara kuma 50 hir'isuudha. Murteen amma darbe garuu tokkoon tokkoon namoota liqii ofirraa qaban irraa doolaara kuma 10 hir'isuudha. Karoora kana raawwachuuf mootummaan doolaara biiliyoona 300 baasuu qaba. Baayidan tarkaanfiin kun ''haala diinagdee biyyattii giddu galeessa kan godhateedha,'' jedhan.
Baayidan tarkaanfiin kun ''haala diinagdee biyyattii giddu galeessa kan godhateedha,'' jedhan. ''Lammiilee Ameerikaa dafqasaaniin bulan gargaaruu kiyyatti hin gaabbu. Namoonni galii olaanaa qaban sagantaa liqii haquu kana keessatti fayyadamtoota hin ta'an,'' jechuunis ibsan. Warri Rippaabilikaanotaa fi dimokiraatonni muraasni liqii haquun kun giphii lammiilee Ameerikaa keessatti maallaqa dabaluu waan fakkaatuuf qaala'iinsa jireenyaaf karaa saaqa jechuun qeeqan. Barattoonni mootummaa federaalaa irraa maallaqa liqeeffachuun baratan hedduun namoota gurraacha. Kanneen digirii baratan waggoota afuriif maallaqi isaan liqeeffatan gara doolaara kuma 25 ta'a. Kunis kan lammiileen Ameerikaa adii ta'an liqeeffatan akkaan caala jedhamee tilmaamama.
"Akka maatitti yeroo itti gadda keenya isaaf qabnu ibsannu waan nu barbaachisuuf, amma yeroo itti qophaa ta’u qabnutu nu barbaachisa” jedhan.
Lammiileen Naayijeeriyaa ‘viidiyoo saal-qunnamtii barattootaa’ qoodan hidhaa waggaa 14’n adabamu Lammiileen Naayijeeriyaa suuraa ijoollee saal-qunnamtii waliin wal-qabatu qoduun balleessaa hidhaa waggaa 14’n adabsiisu akka tahe akeekkachiifaman. Kunis viidiyoon ijoolleen keessa jirtu bal’inaan erga qoodamee boodadha. Gochaan kuni yeroo waraabame jedhametti barattoonni mana barumsaa beekamaa tokkoo wal-dorgommii taphootaa manneen barumsaa gidduutti adeemsifamuuf gara Dubaay imalaa turan. Haati daa'ima ganna 10 mucaanshee gocha kanaratti akka hirmaattuuf dirqisiifamteettii jette. Bulchiinsi naannoo Leegoos manni barumsichi akka cufamu gochuun, ‘’haleellaan saalaa’’ kun akka qoratamu taasiseera. Viidiyoo miidiyaa hawaasaa irratti gadhiifameen haati intalaa, barattoonni dhiiraa akka ishee dirqisiisan himuun, qondaaloti mana barumsaa garuu kana ni dhoksu jette. ‘Chrisland Schools’ Leegoos keessatti manneetii barnootaa sadarkaa tokkoffaa fi lammaffaa baayyee kan bulchu yoo tahu, balleessaa tokkollee akka hin qabne himuun, itti gaafatamummaasaa sirnaan akka beekuufi gaaffii kamiifiyyuu banaa akka tahe ibse. Akka manni barumsichi jedhutti yoo tahe, ijoolleen tapha ‘Truth or Dare’ jedhamu taphachaa turan. Barattoota 76 keessaa shantu tapha kanarratti hirmaachaa ture. Manni barumsichi barattoota ‘naamuusaan ala’ tahanii turan maatiitti gabaasuu himuun, akka qajeelfama mana barumsaatti akeekkachisni kennameeraafi jedhe. Haati intala ganna 10 jalqaba dubbiin akkas badaa tahuu hin barre ture, erga maatiin biroo waa’ee viidiyichaa itti himaniin boodadha kan hubatte. Ergasii viidyoon miidiyaa hawaasaa irratti bal’inaan qoodame.
Ergasii viidyoon miidiyaa hawaasaa irratti bal’inaan qoodame. Yeroo daa’imashee gaafattu, waan dhalate akka hin dubbanne akka jedhamte itti himti. ‘’Intalli koo callisaan du’aa turte, homaa hin dubbattu ture,’’ jette. Amma cirumaa mana barumsaa irraa arii’amteetti jetti haati. ‘’Mana barumsicha falmuu yeroo jalqabnu, waan dhalate beekna jechuun, xalayaa arii’amuushee himu itti ergan,’’ jette. Akka seera bulchiinsa Leegoositti, daa’imman gochaa saal-quunnamtii irratti bobbaasuun seeraan aladha. Qondaalotni intalli deeggarsa fayyaa fi xiinsammuu akka argattu hojjechaa akka turan himan. Suuraafi viidiyoo saal-qunnamtii ijoolleen keessa jirtu kamiyyuu, ‘’qopheessuu, raabsuu, fudhachuu fi of biraa qabaachuun’’ hidhaa waggaa 14’n nama adabsiisa.
Ijoolleen yoo qimmiidamuu baatte ‘guddis-baddee’ taatii? ‘’Yeroo ijoollummmaa koo sukkaara hatee otoon nyaadhuu qabamee, reebichaan haati koo harcummee narratti fixxe.’’ ‘’Ijoollee taanee tapha argannaan qalbii hin qabu, loon an tiksu oyiruu namaa keessa seenanii midhaan fixnaan abbaan koo alangaadhaan hamma gaggabutti na haleele.’’ ‘’Barsiisaan hojii manee otoon hojjetiin akka hin dhufne jedhee nutti himee, otoo hin hojjetiin deemeen jilbeebbiin lafarra deemee, gurri koo qimmiidamee beeka.’’ Yaadni olitti dubbiftan seena adabbii namootni BBC'n dubbise ijoollummaa isaaniitti dabarsan keessaa fudhatame. Namootni baayyee seenaa adabbii ijoollummaa wal-fakkaataa akkasii kana ni qooddatu. Harcummee dhaan reebuu, barbareen uluu, dhiituu, gaadiidhaan reebuu, kabaluu, qimmiiduufi kaanillee gosoota adabbii Itoophiyaa keessatti qaama ijoollee irratti raawwataman keessaati. Heerri Itoophiyaa ijoolleen mana barumsaafi dhaabota eegumsaa ykn oolmaa daa’immanii keessatti adabbii qaama isaanii irratti taasifamu mara irraa bilisa tahuu qabu jedha. Qajeelfamni naamusaa manneetii barnootaa Ministeera Barnootaa Itoophiyaas mana barumsaa keessatti adabbii qaamaa bartootaa irrattii taasifamu ni dhorka. Ijoolleen waan mishaa gaafa dalagdu badhaasuufi jajjabeessuun akkuma barbaachisu, yeroo badii raawwataniifi namuusa kabajuu hanqatan adabuun hamaafi gaarii akka adda baasniifi badii dalagan akka baran akkasumas irra akka hin deebine gargaara jedhu ogeessonni xiin-sammuu ijoollee qoratan. ‘Ijoollee koo takkaa reebee hin beeku’ Aadde Galaanee Galataa ijoollee sadii qabu. Dubara lamaafi dhiira tokko. Ijoolleen gaafa balleessitu adabamuu qabaatanillee garuu reebuudhaan mitii jedhu. ‘’Ijoolleen koo rakkisoo hin turre, kanaaf gorsaafi jaalalaanin qabadha.
Yoo waan irra darbaa raawwatan garuu waan isaan barbaadan irraa hir’isuudhaan akkasaan hubatan gochuun, akkasittan guddise,’’ Ijoollee isaanii akka dambii amantii isaanii ykn akka isaan jedhanitti,’’sagalee Waaqaa’’ itti amaniin akka guddisan dubbatu. ‘’Dhiisaa gaafan jedhu ni dhiisuu, godhaa gaafan jedhu ni godhu. kanaaf dubbiin uleetti nu geesse hin jiru, anisimmoo uleetti hin amanu, ijoollee koos takkaa reebee hin beeku,’’ jedhu haati kuni. Haa tahu malee ijoollee otoo hin miidhiin reebuun yerootti barbaachisus ni jiraata jedhu. ‘’Akkanatti guddisuu koon ijoolleen koo isan eeguun olitti naamusaan guddatanii, barnoota isaaniinis iddoo gaarii gahaniiru. Ani qabxii gadi-aanaas yoo fidan ‘bor fooyyesitaa…’jedhaanii, dhiphina hin qaban, qabxii argatan, waan hojjetan iftoominaan walitti haasofna.’’ Ijoolleen hangam amala shaggaa qabaatanillee ijoollee gatii tahaniif mata-jabaachuufi nu aarsuu malu jedhu Aadde Galaaneen. ‘’Tahus akka aarreen yoo itti dubbanneef wallaalaa gatii tahaniif isaan cabsuu dandeenya, kanaaf yeroon itti haasa’ullee nan eeggadhaafi’’ jedhan. Keesumaa ijoolleen yeroo umrii saalfattoo ykn dargaggummaarra gahan jijjjiirama qaamaafi yaadaa keessa waan darbaniif,’’waan alaa arganiifi dhagahaniin liqimafamaa adeemuu danda’u,’’ jedhu Aadde Galaaneen. ‘’Yeroo dargaggummaa isaaniitti jaalalaaafi xiyyeeffannoo kennuun qabuun barbaachisaa dha,’’ jedhan. ‘’Kanaan ijoolleen koo amala gaarii qabaatanii guddachuun hundaa ol na gammachiisa, garummoo barumsa isaaniis cimoo dha,’’ jedhan. Gama biraan Aadde Liyaa Chombee immoo haadha ijoollee dhiiraa lamaati. Kan waggaa afurii fi daa’ima ji’a jahaa. ‘’Ani mucaan koo inni hangafaa adabbiif gahe, gaafa balleessu ykn waan isa miidhu gochuuf gaafa jedhu, ittin dheekkama,’dhiisii!’ nan jedhaan malee reebuutti hin amanu,’’ jetti.
Haa tahu malee balleessaa irra gaafa deddeebi’uufi waan cimaa gaafa tahu,’’hin qimmiidus garuu akkamiin godha beektaa, harkasaarra qabee al-tokkicha nan rukutaani, isa sana yeroo baayyee irra hin deebi’u,’’ jetti. Garuu ganaa waggaa afur gatii taheefis badaa waan guddaa hin balleessu jetti. Waan isa miidhuu danda’u,’’minjaala fa’i irra bahanii akka malee utaalaa, kufee cabuu waan danda’uuf itti dheekkama.’’ ‘’Yoo kufte si dhukkuba, yoo si dhukkube immoo doktarii si geessina, inni moo marfee si waraana jechuun mala akkasii faa fayyadamna,’’ jetti. Ijoolleen yeroo waa balleessan,’’fuula keerraa baru, si hammachuu barbaaduu, sitti haa haasa’uu barbaaduu, animmoo ‘sitti hin haasa’u’ fa’in,’’ jedhaanii. ‘’Inni kuni isaaf adabbii hunda caalu dha. ‘Dhiifama maamii’ jedhee na jala lixa,’’ jechuun ibsiti Aadde Liyaan. Aadde Liyaan hunda caala immoo, ‘’yeroo adabbiis tahe, waa yeroo itti himnu abbaa isaa wajjin waan wal-fakkaataa itti dubbanna,’’ jette. Gaheeyyii muuxannoo qixaaxamuu ijoollummaa isaanii BBC'f qoodan keessaa kan ta'e obbbo Dirribaa Ittafaa harcummee ofii murateen hanga kutaa 10ffaa xumurutti reebamaa guddachuu hima. ''Harcummee xiqqaa yoon muradhe maaf xiqqaa fidde jedhamee harcummee guddaa eessumni koo mureen waaniin reebamuufi ofumakoon guddicha muradha.'' ''Amma ergan guddadhee bakka gaarii gahee osoo na reebuu baattee yoona kashlabbaa'een naannoo buufata konkolaataa oola jedhee galateeffadha'' jedha Dirribaan. Dirribaan amma daa'ima qabaatus ''ofii waaniin reebamee guddadheef daa'imni koos akka kootti yoo reebamte seeraan guddatti jedhee hin amanu jedha.
Dargaggoon BBC'n dubbise biroon ammoo ''akka nuti dabarsines ta'uu baatu hamma ta'e ijoolle qixaaxuun guddisa isaanii keessatti qooda gaarii ni qabaata'' jedha. Namni sababa hedduu qixaaxameef daandii sirrii qabate akkuma jiraachuu malu qixaaxxii baayyisuun xiinsammuu ijoolleerratti dhiibbaa hin taane uumee, hamoofi rakkisoo akka ta'anis gochuu mala jedhu namootni yaada isaanii nuu qoodan kun. Barsiistuun maal jetti? Mana barnootaa sadarkaa tokkoffaa Wandiyiraad, Finfinnee argamutti barsiistuu guddinaa fi jabeenya qaamaa kan taate Yewuubdaar Mulugeetaa, mana barumsaatti ijoollee dhaanuun dhorkaa akka tahe dubbatti. Ijoolleen yoo balleessan, ‘’ni gorsitaa, yoo tahuu baatee maatii isaanii akka fidan gootee mari’atta,’’ jedha qajeelfamni namuusa barattootaa jedha jechuun ibsiti. Malliifi qajeelfamni inni biraan, gosa barnoota Lammummaa fi Amala Gaarii jalatti, gumiin jira jetti. ‘’Barattoonni jeequun adda baafaman, gumii kanatti qabamuun gorsi garagaraa kennamaafi,’’ Barattoonni akka balleessaafi amala isaaniitti adabbiin isaanii gargar tahuu qaba jetti barsiistuun kuni. ‘’Inni kaan jechaan itti himtee waan balleessurraa ni deebi’a garuu kaan immoo karaa irra buusuuf uleedhaan sodaachisuun barbaachisaa dha,’’ ‘’Tahus uleedhaan yoo rukuttes, akka isaan balleessaarraa deebi’aniif malee akka miidhamanitti miti, kanaaf immoo yeroo nu aarsanittillee miira keenya to’achuun barbaachisaa dha.’’ Kunis keesumaa, barattoota kutaa 5ffaa fi Jahaffaa irra jiran akka qajeelchu muuxannoorraa dubbachuu danda’a jetti. ‘’Uleen dhahuun dhorkaa tahus, akka balleessaafi haalasaatti ni fayyadamna, badii guddaan gahee yerootti itti gaafatamummaan nu bira dhufe, hin jiru.
Barataan ija jabaatee himatee beekus hin jiru,’’ jette Barsiistuu Wubaalem. Garuu yeroo tokko qofa,’’barataan barsiisaa hamma arrabsuutti gahee dubbiin poolisii birayyuu gahee beeka.’’ Balleessaa akkasiifi namuusni mana barnootaa biraa yeroo cabu mana barnootaarraa dhorkamuurraa hanga arii’amuutti gahuu danda'a jetti. Ogeessi xiin-sammuu maal jedhu? Obbo Birhaanuu Raaboo ogummaa xiinsammuufi gorsa maatiidhaan muuxannoo waggaa 25 olii kan qaban yoo tahu, qopheessaa olaanaa sagantaa raadiyoofi amma immoo seeraan digrii sadaffaa barataa jiru. Adabbiin qaama ijoolleerratti taasifamu gama naamuusa barsiisuufi miidhaarraa isaan oolchuutiin hangam bu’aa qabeessa dha jechuun isaan gaafannee turre. Ogeessichi maatiin dhimmoota haala guddisa ijoollee bu’uuraa, akkasumas kaayyoo adabbii baruu irraani dubbiin kan jalqabu jedhu. ‘’Ijoolleen ofii isaanii reebamuu dhiisiitii isaan biratti nama biraa yoo reebdellee, sodaachuu jalqabu.’’ ‘’Maatii fi barsiisoti immoo yeroo baayyee kan ijoollee wallaalaa adaban aarii isaanii bahachuufi,’’ jedhu. Akka qajeelfamaatti adabbiin guddisa ijooollee keessatti barbaachisaa dha jedhan Obbo Birhaanuun. ‘’Adabbiin ijoollee, maaliif akka adabaman, balleessaan isaanii miidhaa akka fiduufi lammata irra deebi’uu akka hin qabne ergaa dabarsuu qaba,’’ jedhan. Adabbiin qaamaa ijoolleerratti taasifamu Itoophiyaatti manneen barnootaa keessatti dhorkaa dha, biyyoota guddatan muraasa keessatti immoo maatiiniyyuu ijoollee akka hin dhaanne seerri dhorka. Garuu,’’seerri adabbii ijoollee UK ykn Ameerikaa biyya keenyatti hojjechuu dhiisuu mala, haalli baayyee murteessaa dha,’’ jedhu ogeessichi. Obbo Birhaanuun ogeessonni xiinsammuu garagaraa , ‘’adabbiin qaamaa guutummaan guutuutti hin jiraatiin hin jedhani, akkam haa tahu?, hangam haa tahu?
Obbo Birhaanuun ogeessonni xiinsammuu garagaraa , ‘’adabbiin qaamaa guutummaan guutuutti hin jiraatiin hin jedhani, akkam haa tahu?, hangam haa tahu? Kan jedhu dha dubbiin malee,’’ijoolleen ‘gadi-dhiisii’ tahuu hin qaban. ‘’Maatiinis tahe, barsiisaan ijoollee isaaniif jedhee adabu hin miidhuunii,dubbiin ijoo isa kana dha,’’ jedhan. Maatiin daa’ima kunuunsaa guddise gaafa balleessaa raawwatu kan adabu,’’yoo waan sirrii hin goone dhukkubbiin jira, waan jedhu itti agarsiisuufi.’’ ‘’Nuti dhukkubbii xiqqoo yoo hin kennineef, aaddunyaan dhukkubbii guddaa kennitiifi, kanaan dogoggora hojjechuu irraa baratu, adabbiin balleessaan dalagamee yeroo gabaabaa keessatti raawwachuu qaba malee ijoolleen waan balleessite erga irraanfatteen booda adabuun sirrii mitii,’’ jedhu. Barsiisonni immoo silumaa maatii ijoollee gatii hin taaneef,’’ijoolleen ni sodaatti, ‘’kanaaf ogummaafi beekumsa kennuu malee, hojiin barsiisaa barataa reebuu miti,’’ jechuun hubachiisu. Haatiifi abbaan immoo yeroo ijoollee gorsanis tahe adaban ‘’tokko tahuu’’ qabu. ‘’Kanaachi ijoolleen ni burjaajofti, keesumaa miseensonni maatii biroo ijoollee adabuu hin qaban, ittii gaafatamummaan kan haadhaafi abbaati,’’ jedhu. Ijoollee karaa irra buusuufi qajeelchuun dhimma hamma waggaa 18 deemuu qabu tahus, waaggaa sadii hanga torbaa garuu, ‘’sammuun isaanii qulqulluu akka warqaati gatii taheef waan isaan nuu tahan hawwinu hunda sammuu ijoollee keenyaarratti barreessuu dandeenya,'' jedhan. Kanaaf adaba gosa kamirraayyuu ijoolleen miidhaa qaaamaafi xiin-sammuu malee akka guddattuuf nagaafi fakkeenyummaa haadhaaf abbaa gidduu jirutu sadarakaa olaanaa taheen murteessaa tahuu himan. ‘’Ijoolleen isa itti himamuufi dhageessu caalaa gochaa maatii irra hordofuun akkeessuun baratti,’’ jedhaniiru.
Biyya namni tokko karaa sadiin umurii lakkaawwatu, akkamiin? Gaaffiin ''Umriin kee meeqa?'' jedhu addunyaarratti gaaffii salphaafi deebii ifa ta'e qabudha. Kooriyaa Kibbaatti garuu gaaffii kanaaf deebii kallattiin argachuun ni ulfaata. Biyya kana keessatti daa'imni battaluma dhalatu umrii waggaa tokko jedhamtee himamti. Dhalattee waggaa tokkotti ammoo waggaa lama taati. Kana jechuun daa'imni tokko yoo ji'a Muddee keessa dhalatte torbanoota muraasa booda waggaa lama taati jechuudha. Pireezidantiin biyyattii haaraa filataman Yoon Suk-yeol ''akkaataa lakkoofsa umrii Kooriyaa Kibbaa'' jaarraa hedduuf ture kana jijjiiruuf wixineessaniiru. Koree ce'umsaa mootummaa bulchiinsa pireezidantii haaraa kan dursan Lee Yong-ho, haalli lakkoofsa umrii lammiilee Kooriyaa kan addunyaa biraa waliin akka walfakkaatuuf jecha tarkaanfiin kun ni fudhatama jedhan. Akkaataan lakkoofsa umrii Kooriyaa Kibbaa kan addunyaa kaaniirraa adda ta'uun ''burjaajii hamaa kan uumuufi miidhaa diinagdeefi hawaasummaaf kan biyyattii saaxiluudha,'' jedhan qondaalli kun. Dhimma kanarratti jijjiirama mootummaa taasisuuf jedhu namoonni hedduun simataniiru, ogeeyyiin kaan ammoo hojiirra oolmaasaa shakkan. Warri Kooriyaa karaa sadiin umrii lakkaa'u. Kan sadarkaa biyyaatti beekamtii qabuufi erga bara 1962 as biyyattii keessatti beekamu kan addunyaarratti beekamu, guyyaa dhalootaarraa kaasanii kan lakkaa'anidha. Kan biraan sadarkaa biyyaatti beekamu ammoo daa'imni wayita dhalattu umrii 0'n dhalattus waggaatti ji'a Amajjii keessaa umriinshee waggaa tokko ta'a. Haala kanaan daa'imni tokko Muddee 2020 yoo dhalatte Amajjii 2022tti waggaa lama taati jechuudha, waggaa lama guutuuf dirqama Muddee 2022 eeguun hin barbaachisu.
Haala kanaan daa'imni tokko Muddee 2020 yoo dhalatte Amajjii 2022tti waggaa lama taati jechuudha, waggaa lama guutuuf dirqama Muddee 2022 eeguun hin barbaachisu. Kuun ammoo mala lakkoofsa umrii Kooriyaati. Kun hawaasa biyyattii hunda biratti hojiirra oola, namni tokko akkuma dhalateen waggaa tokko jedhama. Dhalatee waggaa tokkotti ammoo umrii waggaa lama jedhama. Haala kanaan weellisaa beekamaan baandii muuziqaa K-pop, BTS Kim Tae-hyung (V), Muddee 30, 1995 kan dhalate yoo ta'u, umriinsaa akka mala lakkoofsa Kooriyaatti 28, akka idl-addunyaatti waggaa 26, akka mootummaa Kooriyaatti ammoo waggaa 27. Akkaataan lakkoofsa umrii Kooriyaa kun maddi isaa Chaayinaa fi kutaalee Eeshiyaa adda addaati. Garuu hanga ammaa haala kanaan umrii lakkaa'uutti cichitee kan hafte Kooriyaa Kibbaa qofa jedhamee amanama. Qondaaltonni Kooriyaa Kibbaa mala lakkoofsa umrii Kooriyaa Kibbaa haquun haala kan addunyaan walfakkaatuun akka ta'u gochuuf hojii kan jalqaban amma miti. Bara 2019 fi 2021 keessa seera-baastonni lama haala kana jijjiiruuf wiixinee seeraa qopheessanii turan, garuu Yaa'iin Waliigalaa Kooriyaa wiixinee kana mallatteessuun hin raggaasisin hafe. Ogeeyyiinis tarkaanfiin fudhatamuuf jedhu dhiibbaa inni hawaasarratti qabu ilaalchisuun yaadaan walqoodaniiru. Yuuniversitii Dankook Giddugala qorannoo Oriental Studies jedhamutti qorataa olaanaa kan ta'e Jang Yoo-seung, akkaataan lakkoofsa umrii Kooriyaa mul'istuu aadaa fi duudhaa uummatichaati jedhe. Garuu wanti beekamuu qabu malli lakkoofsa umrii kan addunyaan irratti waliigalte Kooriyaa keessatti hojiirra oolus, lammiileen biyyattii garuu waan duudhaa isaanii, mala lakkoofsa umrii Kooriyaa- Korean age ni dhiisu jechuun waan yaadamu miti jedha qorataan kun.
Cimdiin Indiyaa tokko ilmasaanii dhalchuun akkayyaa nu agarsiisuu dide jedhan beenyaa $650,000 gaafatan Maatiin bulchiinsa kaaba Indiyaa -Utaarakhand keessa jiraatan tokko, ilmasaanii tokkichaa fi haadha warraa isaa erga gaa'ila dhaabbatanii waggaa jaha keessatti ilmoo godhachuun akkayyaa arguu nu dhowwatan jechuun mana murtiitti himataa jiru. Abbaan manaafi haatii manaa Saanjeev fi Saadhaanaa Piraasaad kan umuriin waggaa 61 fi 57, qabeenyaa isaanii hunda ilmasaanii kana ittiin guddiisuuf, leenjii balaliisummaa isaatiifi akkasumas cidha isaatiif baasneera jedhu. Kanaafuu yoo waggaa tokko dhufuu keessatti ilmoo godhatee akkayyaa hin agrsiifne ta'e beenyaa doolaara kuma 650 akka kanfaluuf gaafatan. Himannaan hin baramne kunis bu'uura ''dhiibbaa sammuu'' jedhu jalatti dhiyaate. Mr Piraasaad qabeenyaasaanii hunda ilmasaanii kanarratti baasuuf, bara 2006tti ammoo baasii doolaara kuma 65 taasisuun leenjii balaliisuummaatiif Ameerikaatti ergu himan. Bara 2007 gara Indiayaatti deebii'uuf ammoo hojisaa waan dhabeef gara waggoota lamaa oliitiif maatii isaatuu isa gargaaraa ture jedha gabaasni The Times of India hojjate. Shirey Saagaar kan umuriin waggaa 35, dhugaattis hojii balaliisummaa hin arganne. Akkasumas maatiin kun akka Shubhangi dubartii umuriin waggaa 31 waliin gaa'ila dhaabbataniif bara 2016 qopheessuus himan. Kanaanis ilmoo godhachuudhaan bara sooramaa isaaniitti olmaasaanii akka deebiisu abdachuu akka ture himu. Maatiin kunis qophii cidha ilamasaanii hoteela abbaa urjii shanii keessatti qophaa'eetti baasii doolaaraa 80,000fi biyyaa ala deemuun akka yeroo misirrummaa dabarsan baasii taasisuu himan. ''Ilmi keenya erga gaa'ila dhaabbatee waggoonni jaha darbaniiru.
''Ilmi keenya erga gaa'ila dhaabbatee waggoonni jaha darbaniiru. Garuu hanga ammaattuu ganaa ilmo godhachuuf karoora hin qaban,'' jedhuu Me Piraasaad. ''Yoo xinnaate osoo ilmoo isaa kan waliin yeroo dabarsinu qabaannee, gadda keenya irraa dandamachuu dandeenya ta'a.'' Abbookaatoonni cimdiiwwan kanneenii, AK Sirivaastaavaan The Nation'tti akka himaniitti, warri kunis sababii ''jabina sammuutiif jecha'' maallaqa kan gaafatan. ''Akkaayyaa arguu hawwii maatii hundaati. Akkaayyaawwan arguudhaaf waggootaaf eegaa turan.'' Himannaan cimdiiwwan kanneenii Haardwaar keessatti baname kunis Caamsaa 17 irratti mana murtiitti akka dhagahamu eegama.
Daa'imman dubaraa bara 2020 sammuun isaanii duubaan walitti maxxanuun dhalatan kunneen yeroo ammaa gargar bahanii akkuma dhala namaa kamittuu jiruu mataasaanii jiraachuu danda'aniiru.
Barattoota Yuunivarsitii Finfinnee nyaata madaalawaa oomishan Barattoonni Yunivarsitii Finfinnee damee barnootaa Faarmaasii baratan Afur maqaa Beta Blockers Initiative jedhuun pirojaktii nyaata madaalawaa garbuu fi baaqilaa irraa qopheessu eegalaniiru. Barattoonni kunneen waggaa afraffaa kan barataa jiran yoo ta'u, isaanis Naa'ol Addunyaa, Yooseef Taarikuu, Kiruubeel Ingidaaworqi fi Musee Abrahaam jedhamu. Hundi isaaniiyyuu doormii tokko turan, yaada kanas kan burqisiisan doormii isaanii keessatti tibba weerara koronaavaayirasiif jecha wanti hundi cufamee turetti. Barattoota kunneen keessaa tokko kan ta'e Naa'ol Addunyaa hiriyyoota isaa waliin ta'uun nyaata rakkoo hanqina nyaata daa'immanii fura jedhame garbuufi baaqilaa irraa hojjechuun sadarkaa idil-addunyaatti badhaasa gara garaa akka mo'atan hima. Maqaa pirojektii isaanii maalirraa ka'uun akka moggaasan akkanan ibsa Naa'ol. ''Beta blockers gosa qorichaa akkaan beekamuudha. Fiildiin keenyas kanarratti waan hundaa'uuf kanumarraa kaanee maqaa kana moggaafanne-Beta Blockers Initiative,'' jehe barataa Naa'ol. Buskuta sona nyaataa fooyya'aa qaban bifa garaagaraan hojjechaa jiraachuu kan himu barataa Naa'ol, keessattuu nyaata madaalawaa daa'imman argachuu qaban irratti xiyyeeffachuu hima. ''Garbuun kaarboon haayidireetii, baaqilaan ammoo pirootiiniin kan badhaadhaniidha. Kana walitti ida'uun daa'imman keenya hanqina nyaataa madaalawaa qaban tumsuuf hojjetaa jirra.'' Hojii kana Onkoloolessa 2020 eegaluu kan himu barataa Naa'ol, ''yeroo sana sababa Covid wanti hunduu waan cufameef hiriyoota koo waliin karaa oonlaayinii walquunnamnee yeroo kanatti maal hojjechuu qabna? Akkamiin rakkina saba keenyaa furuu keessatti hirmaanna?
Dirree kamirratti osoo bobbaanee bu'a qabeessa taana kan jedhu ilaaluu jalqabne,'' jedhe. Akka barataa Naa'ol jedhutti rakkoo guddaan biyyattii rakkoo nyaata madaalawaa ijoollee mudatu waan ta'eef kanarratti hojjechuuf murteessan. ''Ijoolleen nyaata madaalawaa argattee yoo guddatte malee mana barumsaatti bu'aa gaarii hin fiddu. Rakkina fayyaaf saaxilamu. Kanaaf kanarratti hojjechaa turre. Kana milkeessuuf qorannoo hedduu gaggeessaa turre.'' ''Namoota beekumsa qaban hedduu quunnamuun, barumsa argannetti fayyadamuun waan kana hojjechuu dandeenye.'' Ofiisaa dhalootaan Walloo Kamisee ta'uu kan hime barataa Naa'ol Addunyaa, naannawa isaatti daa'imman wayita hanqina nyaata madaalawaan hubaman argaa waan guddateef haalli kun rakkoo kanarratti hojjechuuf akka isa kakaase hima. ''Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa(WHO) fi jaarmiyaaleen kaan buskutii fidanii ijoolleef hiru turan. An ijoollee sana keessaa tokkon ture. Nyaata kana fudhachuun hammam akka na gargaare nan beeka. Sanarraa ka'een yaada kana dhiyeesse.'' ''Ijoolleen sadarkaan amma ga'erra ga'uuf nyaata madaalawaa argachuu qabu. Baratanii uummatasaanii qixa sirriin tajaajiluuf sammuunsaanii gabbachuu qaba. Banaa ta'uu qaba. Kaka'umsa kan nuuf ta'e seenaama jireenya keenyaati,'' jedha Naa'ol. Akka barataa Naa'ol Addunyaa jedhutti yeroo ammaa fakkeenyi oomisha isaanii (prototype) inni jalqabaa hojjetamee kan xumurame yoo ta'u, kanaanis dorgommii adda addaarratti hirmaataa jiru. ''Yeroo ammaa sadarkaa yuuniversitii keenyaatti dorgomnee badhaasa Hult Prize mo'anneerrra. Dorgommii yuuniversitii Massachusetts keessatti ture irrattis dorgomnee garuu hin milkoofne. Dorgommii sana sababa koronaatiif jecha qaamaa deemnee irratti hin hirmaanne.
Karaa onlaayinii hirmaanne. Dorgomtoota keessaa ja'affaarra turre. Ammallee gabaa keessa waan hin seenneef jedhamnee keessaa hambifamneerra,'' jechuun dorgommii hanga yoonaa hirmaata ibse Naa'ol. Dorgommii Sagantaa Nyaataa Addunyaa (WFP) irratti hirmaachuun garee 159 hirmaate keessaa akka Baha Afriikaatti damee innooveeshinii jalatti tokkoffaa ba'uun bara kana ji'a Caamsaa keessa akka mo'atanis ibseera Naa'ol. Gara Yuuniversitii Teeknikaa biyya Deenmaark, DTU, imaluun oomisha isaanii laaboraatooriitti ilaalaa, fooyyessaa ji'a tokkoof akka turanis hime. ''Amma waan hundaa xumurree gara oomisha guutuutti seenuuf jirra. WFP fi DTU irraa waraqaa beekamtii arganneerra. Amma kan hojjetaa jirru biyya keenya keessatti hojiin keenya seera qabeessa akka ta'u mirkaneessuurratti hojjechaa jirra.'' Yeroo baayyee buskutiiwwan biyya keenyatti itti fayyadamnu kan alaa galaniidha kan jedhu barataa Naa'ol, ''nutimmoo midhaanuma biyya keenyatti oomishamu fayyadamnee kan alaa galu kan bakka bu'u oomishna,'' jedha. Buskutiin alaa galu giddu galeessaan giraama 50-70 ta'uu kan himu Naa'ol, kansaanii ammoo giraama 150 ta'uu ibse. ''Ammaaf giraama 150'n hojjenne. Baay'inaan wayita hojjennu giraama dhibbatti xumuruuf karoorsineerra. Ijoolleen wayita nyaatan isaan quubsuu qaba. Fayya qabeessummaansaas mirkanaa'uu qaba.'' Xiyyeeffannaan keenya guddaan ijoollee ta'us, garuu namoonni rakkina nyaata madaalawaa qaban hunduu fayyadamuu danda'u jedha Naa'ol. ''Kan irratti xiyyeeffannu daa'imman umriinsaanii waggaa 4-14 gidduu jiruudha. Garuu namni fedhii qabu hunduu fayyadamuu danda'a.
Garuu namni fedhii qabu hunduu fayyadamuu danda'a. Namni gurgudaan, dubartii deessuun hunduu fayyadamuu danda'u. Nyaati kun kan sona nyaataa dabaluudha malee kan rakkoo fidu miti waan ta'eef hunduu fudhachuu danda'a.'' Xiyyeeffannaan keenya guddaan namni akka oomisha keenya bituu danda'u gochuudha kan jedhu barataa Naa'ol,''maallaqisaa akka kan warra kaanii yoo guddaa ta'e namni bitu hin jiru. Kanaaf akka namni bitachuu danda'utti haala mijeessine.'' ''Meeshaalee dheedhii oomisha keenyaaf nu fayyadan-Baaqilaa fi Garbuu- biyyuma keenya keessaa gatii rakasaan arganna waan ta'eef oomisha keenyas gatii madaalawaan gurgurra.'' Namni hunduu, manneen barnootaa hunduu oomisha keenya bitatanii akka nyaata madaalawaa ijoollee sooran xiyeeffannaa isaanii olaanaa ta'uu barataa Naa'ol himeera.
MM Kaanaadaa Tiruudoon Waldaan Kaatolikii ittigaafatamummaa akka fudhattu himan Ministirri Muummee Kaanaadaa Jastiin Tiruudoo Waldaan Kaatoliikii gahee manneen barnootaa bultii keessatti fudhatteef 'itti gaafatama' akka fudhattuuf gaafatan. Awwaalchi jumlaa daa'imman 215 mana barnootaa tokko keessatti baatii darbe argame biyyattii guutuutti dheekkamsa kaaseera. MM Tiruudoon Waldittiin manneen barnootaa irratti ragaalee qabdu akka gadhiiftuuf gaafachuun ''diddaan'' akka isaan mudate himan. Manneen bultii motummaan gaggeeffamaa turanis ijoollee warra ganamaa (indigenous) humnaan akka warra kaaniitti makamaniif kan hundaa'an ture. Isaaniis qaamuma imaammata idilee aadaa fi afaan warra ganamaa balleessuu irratti xiyyeeffate turan. Awwaalchi jumlaa daa'immanii baatii Caamsaa keessa argamees kan mana barnootaa bultii 'Kamloops Indian Residential School' jedhamuufi kutaa biyyaa Biritish Kolombiyaa keessa bara 1978 keessa cufameetti ture. Awwaalchi jumlaa kunis tibba dhaabbanni 'Tk'emlúps te Secwépemc First Nation' jedhamuun lixa Kaanaadaa keessatti haala du'aatii barattoota mana barnootichaa qoratamaa tureetti. Daa'imman gariin isaanii waggaa sadii turan keessatti argamu. ''Akka Kaatooliikii tokkootti, ejjannoo Waldaan Kaatooliikii ammaa fi waggoota darbaniif fudhatteen baayyee aaree jira'' jechuun ture MM Tiruudoon gaazexessitootaaf kan himan. Caamsaa 2017tti Vaatikaan deemuudhaan Phaaphaas Firaansiis waa'ee miidhaa daa'imman kanneeniif ifatti dhiifama akka gaafataniif gaafachuu himeera. Akkasumas galmeewwan argachuun waa'ee ijoollee 4,100 olii sababii dhukkubaa fi hir'ina nyaataatiin du'anii waldittii gaafachuu himuun, ''ammalleen Bataskaana kanarraa diddaa argaan jira'' jedhan.
Akkasumas galmeewwan argachuun waa'ee ijoollee 4,100 olii sababii dhukkubaa fi hir'ina nyaataatiin du'anii waldittii gaafachuu himuun, ''ammalleen Bataskaana kanarraa diddaa argaan jira'' jedhan. Mootummaan galmeewwan argachuudhaaf tarkaanfii seeraa kan fudhatu yoo ta'e ilaalchisuun kan gaafataman MM kun, ''Yoo barbaachisaa ta'e, tarkaanfii cimaa kan fudhannu ta'a,'' jedhan. Haata'u malee, ''Waldaa Kaatoliikii mana murtiitti geessuun dura, dureewwan amantaa kun dhimma keessatti hirmaachuu barbaadan akka ta'u abdii guddaan qaba.'' Manni Barnootaa Jiraattoota Indootaa Kaamluupsi bara 1890 keessaa bulchiinsa Kaatolikii Roomaa jalatti baname. Bara 1950moota keessa, tibba kan achitti baratan baay'ateetti hanga daa'imman 500 keessummeessa ture. Daa'imman hedduun maatii isaanii irraa fageenya kiloomeetira dhibba hedduu fagaatanii, mana barnootaa sana keessa akka jiraatan kan ergamaniidha. Bara 1969tti ammoo mootummaan jiddugalaa mana barnooticha bulchuu eegale. Yeroo sanaafi hanga bara 1978 jidduutti ammoo barattoota manneen barnootaa guyyaa naannichaa barataniif akka bakka bultiitti tajaajilaa ture. MM Kaanaadaa Tiruudoon lammiilee Kaanaadaa amantaa Kaatolikii hordofan ''dureewwan amantichaa dubbisuufi akka nuti Waldittiin gahee dhimma kana keessaa qabdu itti gaafatamummaa akka fudhattu barbaadnu, akkasumas kanneen gaddaa jiran akka gargaaraniif gargaarsaafi jajjabeessuun bira akka dhaabbataniif ifatti akka itti himtan isin gaafadha,'' jedhan. Itti dabaluunis ''Wanta akkasii waldaaleen kaan biroos raawwataniiru. Kunis waan Waldaan Kaatoliikii akka raawwattuuf eeggataa jirrudha,'' jedhan. ''Osoo waa'ee haqaa, gaddarraa fayyuufi fi araaraa hindubbatiin dura, dhugaa baruu barbaadna.''
Kooriyaa Kaabaa: 'Daa’imman warra hinqabne fedhiin albuuda baasuurratti hirmaachuuf' Miidiyaan mootummaa Kooriyaa Kaabaa ijoolleen warra hin qabne tola ooltummaan dhaabbata mootummaa biyyattii albuuda baasuufi qonna keessa hojjachuuf akka barbaadan gabaasan. Tajaajilli oduu 'Korean Central News Agency (KCNA)' akka jedhutti, ijoolleen dhibbaatamaan lakkaa’aman ’’ogummaafi kutannoo ijoolummaan’’ dafqa isaaniitiin dhaabbata biyyasaanii gargaaruuf filatan. Umuriin ijoollee kanaa meeqa akka ta’e ibsamu baatulleen garuu suuraa irratti akka mul'atanitti ijoollee ol guddataa jiranidha. Dhaabbileen mirgaa namoomaatiif falman Kooriyaan Kaabaa yeroo dheeraaf dafqa ijoolleetti gargaaramuun himataa turanilleen, biyyattiin garuu ni haalti. Guraandhala keessa BBC’n dhalattoonni Kooriyaa Kaabaa yeroo waraanatti hidhaman cilee qotuun mootummaafi sagantaa meeshaalee waraanaa biyyattiif galii argamsiisuuf akka hojjatan gabaasee ture. Kooriyaan Kaabaa ummata miliyoona 26 ol ta’an akka qabdutu amanama. Isaanis mootummaan abbaa irree jireenya lammilee biyyattii kallattii hundaan cimse to’atuun bulfamu. Ebla darbe hogganaan biyyatti Kiim Joong-un rakkoon fuuldursaanii akka jiru himun, biyyattiin yeroo hamtuu dhufaa jiruuf akka of qopheessitu akeekkachiisanii ture. Kooriyaan Kaabaa bara 2020 sababii weerara koronaavaayirasiitiin daangaawwan ishee fi diinagdee biyyattiif utubaa kan ta’e daldala Chaayinaa wajjin qabdu cuftee turte. Gabaasaaleen miidiyaaleen motummaa biyyaattii hedduun akka jedhaniitti, kanneen tola ooltota jedhaman kunneenis torban darbe hojii humnaa biyyattii guutuu gargaaraa jiru. KCNA Sambata kana akka jedhutti, ijoolleen warra hin qabne 700 ta'an warshaalee, qonnaafi eegumsa bosonarratti hojjata jiru. Guyyaa Kamisaa ammoo dhaabbatichi, ''ijoolleen warra hin qabne hedduun kakuu waadaa oolmaa jaalala paartiin isaaniitti agarsiise baasuuf seenan bahachuf lafe cileen Konnahee jedhamuutti itti oomishuun fiigaa jiru jedhe.
Guyyaa Kamisaa ammoo dhaabbatichi, ''ijoolleen warra hin qabne hedduun kakuu waadaa oolmaa jaalala paartiin isaaniitti agarsiise baasuuf seenan bahachuf lafe cileen Konnahee jedhamuutti itti oomishuun fiigaa jiru jedhe. Ministeerri Dhimma Alaa Ameerikaa bara 2020tti haala qabiinsa mirga namoomaa irratti gabaasa baase keesstti, Kooriyaa Kaabaa ‘sarbama cimaa dafqa daa’immanii'tiif balaalleeffateera. Akka gabaasichi jedhutti, qondaaltoonni biyyattii yeroo tokko tokkoo ijoolleen barataa jiran ''pirojaktoota addaa kan akka hojiiwwaan cabbii karaa gurguddaa irra jiran qulqulleessu fa’a akka gargaaraniif ergu'' jedha. Akkasumas ijoolleen ganna 16 ykn 17 ''birgeedii ijaarsaa akka waraanaatti dabalamuun waggoota kudhaniif akka turan taasifamu,'' jedheera. Ijoolleen kunneenis sababii kanaan ''miidhama qaamaafi xiinsammuu, akkasuma hanqina nyaataafi dadhabbiif saaxilamuun, humnaan akka hojjataniif dirqisiifamusaanitiin rakkina qancaruuf saaxilamaa jiru'' jedha. Haata'u malee Kooriyaan Kaabaa himannaa irratti dhiyaatu kana irra deddeebiin balaaleeffatti. Jalqaba ji’a kanaattis biyyattiin Pirezidantii Ameerikaa Joo Baayidan ‘’imaammata diinummaa’’ Kooriyaa Kaabaarratti hordofu jechuun himatteetti. Biyyattiin kanas kan ibsite Baayideen tarsimoo haaraa sagantaa gabbisa niwukilaraafi hariiroo Piyoong yang wajjin jirurratti bahe ifoomsuuf qophiirra yeroo jiranitti ture.
Wal'aansa baqaqsanii yaaluu gadameessa haadhaa keessatti, akkamiin raawwate? Helena Purseel fi hakiima isheef yeroo dhiphinaa ture, daa'ima garaa keessatti wal'aansa baqaqsanii yaaluu taasisuufii. "Balaa guddaa baatee dhufe, garuu wal'aansa baqaqsanii yaaluu kanarra malli furmaataa biraan hin jiru. Sammuu kiyya keessa falli biraan hin turre. Kanuma gochuutu narra ture.'' Helenan yeroo ja'a yaaltee erga abdii kutattee booda torbaffaarratti daa'ima garaatti godhachuun milkooftullee garuu ammas rakkoon biraan ishee mudateera. Garaatti erga ishee hafee booda hanga torbanoota 20 jalqabaatti haalli daa'imaa mishaa ture. Torban 20ffaarratti daa'imni ishee rakkoo Ispaayinaal koordii qabaachuun barame. "Dugdasheerra qaama dabalataa guddaatu ture, lafeen dugdaashees alatti mul'ata. Carraan laamsha'uushee olaanaadha naan jedhan. Rakkoon of to'achuu akka ishee mudatuu fi dhangala'aa sammuushee keessaa qoorsuuf ujummoo nam-tolchee akka barbaachisuu danda'us natti himan,'' jette Helenan. "Wantoota ishee mudachuu malan wayita natti himan ofin wal'aale, boo'icha dhaabuu nan dadhabe. ''Miilasheen deemuuf carraan isheen qabdu baayyee xiqqoodha jedhanii wayita natti himan, akka maleen shororkaawe.'' Guyyoota muraasa booda Helenan oppireeshinii ta'uu akka qabdu itti himame, riifariinis barreeffameef. Daa'ima umrii ji'a sadii kan garaa keessa jirtu qabattee gara ispeeshaalistii Hospitaala Beeljiyem jiruutti imalte, hospitaalli kun tajaajila fayyaa NHS waliin hojjeta. Gareen ogeeyyii fayyaa namoota 25 of keessaa qabu ispaayinaal koordii da'imashee kan bakkeetti ba'e wal'aansaan deebisaniif, iddoo baqaqee qaawwaa uumee tures duuchaniif.
''Osoo oppireeshinii taatee hin yaalamne ta'ee silaa haalli jireenyaa ishee waan biraa ta'a ture,'' jette Helenan. Pirofeesar Anna David, Yuuniversitii Hospitaala Landan keessatti argamutti ogeetti dhimma fayyaa miciree dhala namaati. ''Duraan daa'imattiin rakkoo fayyaa erga dhalattee booda wal'aanamuun irra jiru qabdi turte. Amma garuu gadameessuma haadhaa keessatti wal'aanuu dandeenyeerra. Hanqinni daa'imattii mudate furameera. Qaawwaan dugdarratti uumame cufameera, kanaaf kanaan booda rakkoon ispaayinaal koordii ishee mudata jennee hin yaaddofnu,'' jedhan. "Kunimmoo daa'imattiin akkasheen of-dandeessee deemtuuf carraa guddaa uumaaf. Mudhii ishee fi afuuffee fincaanii ishee to'achuu dandeessi jechudha.'' Helanan erga oppireeshinii taatee ji'a sadi booda Hospitaala magaalaa Landan keessatti argamutti daa'imashee dubaraa deesse. Maqaashees Mila jettee moggaaste. Mila-wayita Milagro jechi jedhu gabaabbatu yoo ta'u kana jechuunis afaan Ingiliziin miracle, afaan Oromoon ammoo Hooda ykn Raajii jechuudha. Milan ammallee sammuu ishee keessaa dhangala'aa hin barbaachisne qabdi, garuu fooyya'iinsa agarsiisaa deemaa jirti. "Lukashee sochoosuu dandeesseetti. Qubeen ishees sosochoosuu eegalte, kun waan ajaa'ibaati,'' jette Helenan. "Wal'aansa baqaqsanii yaaluu kanatti akkaan gammadeera, sababiin isaa osoo oppireeshiniin kun hin raawwanne ta'ee silaa yoona jireenyi daa'ima kiyyaa waan biraadha.'' Dhibeen Spina bifida jedhamu, kan UK keessatti daa'imman gadameessa haadhaa keessa jiran 15,000 ta'an waggaatti qabaa jiru kun, ispaayinaal koordiin daa'immanii sirnaan akka hin guddanne kan godhuudha.
Dhibeen Spina bifida jedhamu, kan UK keessatti daa'imman gadameessa haadhaa keessa jiran 15,000 ta'an waggaatti qabaa jiru kun, ispaayinaal koordiin daa'immanii sirnaan akka hin guddanne kan godhuudha. Laamsha'uu, mudhiin laafuu, afuuffee fincaanii to'achuu dadhabuu fi rakkoo kaleef isaan saaxila. Garuu daa'imman garaa keessatti uumamanii torbanoota 22 hanga 26 gidduutti oppireeshiniidhaan yaaluun sirreessuun ni danda'ama. Erga daa'imman dhalatanii wal'aansa baqaqsanii yaaluu gochuurra osoo gadameessa keessa jiranii yaaluutu filatama. Adeemsi haala kanaan wal'aansa fayyaa kennuu kun Yuuniversitii Hospitaala magaalaa Landan, Hospitaala daa'immanii Great Ormond Street jedhamuu fi Hospitaala Yuuniversitii Leuven kan Beeljiyam keessatti argamuun raawwatama. Erga Amajjii 2020 as daa'imman soddomii-lama haala kanaan wal'aansa fayyaa argataniiru.
Maaliitti dubartiin waggaa 25 al-takkaatti daa'imman sagal deesse Daa'imman saglan dubartiin biyya Maalii umurii ganna 25 taate Halimaan dheengadda deesse haala gaariirra jiraachuu hakiimonni himan. Haata'u malee, daa'imman kunneen meeshaa ho'a kennu (incubators) keessa ji'a lamaa hanga sadii turuu qabu jedha daarektarri kilinikii bakka isaan itti dhalatanii. Daa'imman kanneen keessaa shan dubara, afur ammoo dhiira yoo ta'an, yeroo dhalatan giraama 500 hanga kiiloogiraama 1 ulfaatu. Halimaan daa'imman saglan kana yeroo takkaatti deessu kanatti doktoroonni kudhaniifi hakiimonni gargaarsaa 25 irratti hirmaataniiru. Maaliitti dubartiin waggaa 25 altakkaatti daa'imman sagal deesse, haalli akkanaa addunyaarratti mudachuun carraansaa baay'ee xiqqoodha. Ministirri Fayyaa Maalii Dr Faantaa Sibii akka jedhanitti dubartiin kun wal'aansa baqaqsanii yaaluu(Caesarean section) jedhamuun deesse. Haliimaa Siisee wayita ulfa turtetti altiraasaawundiin akka ilaalamtee turtetti daa'imman garaashee keessa turan torba. Hospitaalota Maalii fi Morookoo keessatti wayita ilaalamaa turtetti daa'imman torba irraan kan hafe daa'imman lamaan biroon jiraachuun tasumaa hin baramne ture. Dr Faantaa Sibii akka jedhanitti daa'immanii fi haati isaanii haala fayyummaa gaariirra jiru. Torbeewwan muraasa erga hospitaala turanii booda manatti deebi'u jedhan. Qondaalli fayyaa kun garee ogeeyyii fayyaa Maalii fi Morookoo akkaan ajaayibsiifataniiru. Garee wal'aansa fayyaa haadha kanaaf taasisaniin baga gammaddan kan jedhan Dr Faantaa Sibii, ''ogummaan dhala namaa wayita madda gammachuu ta'u arguu caalaa wanti nama gammachiisu hin jiru,'' jedhan.
Garee wal'aansa fayyaa haadha kanaaf taasisaniin baga gammaddan kan jedhan Dr Faantaa Sibii, ''ogummaan dhala namaa wayita madda gammachuu ta'u arguu caalaa wanti nama gammachiisu hin jiru,'' jedhan. Haalli Haliimaa Siisee wayituma ulfaa irraa eegalee qalbii biyya Lixa Afriikaa ( Maalii) hawwate, hooggantoonni biyyattii baay'ee itti dhimmamaa turan. Kanaaf bakka kunuunsaaf isheef mijatu Morookootti akka yaalamtu haala mijeessan. Maaliitti haalli mijateefii wal'aanamaa kan turte yoo ta'u wayita doktarri addaa(ispeeshaalistii ta'e) barbaadamutti ammoo Morookootti ergamaa turte. Dubbi Himaan Ministeera Fayyaa Morookoo Raashiid Koudhari, dubartiin kun daa'ima haga kanaa deessi jedhee eegee hin beeku jechuun AFP'tti himan.
Lola Tigraay: Motummaan garee miidhaa saalaa Tigraayiitti raawwatameera jedhame qoratu hundeesse Lola naannoo Tigraayitti gaggeeffame hordofee miidhaawwan saalaa naannicha keessatti raawwatamaniiru jedhaman akka qoratuuf garee(task force) hundeeessuu mootummaan beeksiise. Gareen qorannoo mootummaa federaalaatiin hundeeffame kun kan ministeera fayyaa, ministeera Dubartoota, daa'immaniifi dargaggoo, Ministeera Raayyaa Ittisa biyyaa fi Abbaa alangaa Waliigalaa irraa walitti babbahan jedhame. Ministeera Dubartoota, Daa'immaniifi Dargaggootti ittigaafatamaa Sabaa Himaa kan ta'an Obbo Adinawu Abarraa Ejansii Pireesii Itoophiyaatti akka himanitti, gareen qorannoo hundeeffame Maqalee galuun hojii qorannoo eegaleera jedhan. Lola humnootii federaalaafi TPLF jidduutti gaggeeffame hordofuun, miidhaan saala bu'uureffate raawwatamaa jiraachuu ilaalchisee Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii dabalatee dhaabbileen deeggarsa namoomaa idil-addunyaa hedduun gabaasni nu qaqqabaa jira jechuun ibsuun isaanii ni yaadatama. Dhaabbata Biyyoota Gamtoomaniitti kutaan hordoffii miidhaa saalaa tibba waraanaa hordofus akkasumas namoonni miseensoota maatiisaanii akka gudeedaniif dirqiisiifamaa jiraachuu ilaalchisee gabaasaaleen nama jeeqan nu qaqabaniiru jechuun ALI Amajjii 14, 2013 ibsa baaseen himee ture. Akkasumas dhaabbatichi dubartoonni meeshaalee bu'uuraa argachuuf jecha loltoota waliin quunnamtii saalaa raawwachuuf dirqisiifaman jiraachuu, lakkoofsi dubartoota kiniinii ulfa tasaa ittisu barbaadanii dabaluuf akkasumas gabaasaaleen miidhaa buufataalee dahoo keessatti dubartootaafi daa'imman irra gahan dabalaa jiru jechuun ni yaadatama. Lolli naannoo Tigraay Sadaasa 4, 2020 erga humnootiin TPLF raayyaa waraanaa naannicha keessa buufate irratti haleellaa raawwachunsaa himameen booda ture kan eegalame.
Lolli naannoo Tigraay Sadaasa 4, 2020 erga humnootiin TPLF raayyaa waraanaa naannicha keessa buufate irratti haleellaa raawwachunsaa himameen booda ture kan eegalame. Isaan boodas nammoonni 50,000 ol ta'an daangaa qaxxaamuruun Sudaaniitti kan baqatan yoo ta'u, kanneen miliyoonaan lakkaa'aman ammoo bakka jireenyaa isaanii buqa'uun himame. Kanaan walqabatees taateewwan miidhaa saalaa naannicha keessatti mudatan baayyachaa jiraachuu dhaabbilee idil-addunyaa dabalatee irra deddebiin komatamaa jira.
Qaamni isaanii 'sirna sagadaa barmaata badaa' ta'e' (rituals) keessatti fayyada jedhamee amanama.
Shamarran Keeniyaa gowwoomfamuun gara gocha sagaagalummaatti oofamaa jiru jedhe poolisiin Poolisiin Keeniyaa shamarran ol-adeemoo karaa interneetii gowwoomfamuun fudhataman bakkasaan itti dhokfamanii baraaruu hime. Gareen karaa interneetii shamarraniif waadaa hedduu seenuun gowwoomsu kun waqtii weerara koronaavaayirasii kana akka carraatti fayyadamuun hojjetaa ture jedha poolisiin. Gareen kun waadaa sobaatiin shamarran ol-adeemoo gara gocha sagaagilummaa fi safuudhaan ala ta'eetti oofaa jiraachuu kan himu poolisiin Keeniyaa, garee kana sakatta'anii seeraan to'achuuf hojjechaa jiraachuu hima. Gochi kun raawwachaa jiraachuun kan barame erga poolisiin shamarran ol-adeemoo ugguraman sadi magaalaa Naayiroobii keessaa argee baraareeti. Shamarran argaman sadeen wayita yaadasaanii poolisiif kennan miidiyaa hawaasummaarratti gareen wayii bashannanaaf yookiiin paartiif akka isaan affeeree ture himan. Poolisiin maatiin ijoolleesaanii haalaan hordofuu fi sochiisaanii hordofuu akka qaban akeekkachiiseera. Gareen qorannoo yakkaa garee yakka akkanaa raawwatan adamsee seeraan to'achuuf hojjechaa akka jiru hawaasa keenyaaf ibsuu barbaanna jechuun poolisiin biyyattii tiwiitara irratti barreesseera. Ijoolleen shamarranii carraa hojii fi carraawwan biroo argattu jedhamuun gowwoomfamanii uggurmaa jiraachuun tibbana miidiyaa Keeniyaatiin gabaafamaa jira. Jalqaba torbee darbee dubartiin tokko shamarree ol-adeemtuun durbiitti ooltuuf akka jalaa dhabamtee fi ugguramuu akka hin hafne tiwiitarii isheerratti ibsitee turte. Dubartiin kun dhaamsa viidiyoodhaan dabarsiteen durbiin ishee ijoollee shamarranii umriinsaanii waggaa 16 ta'e waliin dhabamuu himte. Shamarran kunneen namoota hojii moodelii hojjettu jedhaniin akka gowwoomfamanii ba'anis dubbatti Poolisiin Naayiroobii akka jedhutti gareen yakka gowwoomsaa shamarran ol-adeemoo irratti raawwatu kun toora bilbilaa akka sadarkaa idi-addunyaatti galmaa'e fayyadamu.
Shamarran kunneen namoota hojii moodelii hojjettu jedhaniin akka gowwoomfamanii ba'anis dubbatti Poolisiin Naayiroobii akka jedhutti gareen yakka gowwoomsaa shamarran ol-adeemoo irratti raawwatu kun toora bilbilaa akka sadarkaa idi-addunyaatti galmaa'e fayyadamu.
Haadhummaafi mana hidhaa Ogeettiin suuraa Jaadwiigaa Biroontee bara 2019’tti ji’oota 10’f haadholii fi daa’imman isaanii mana hidhaa Moldoovaa jiran daawwataa turte. Piroojektiin ‘The Good Memories’ jedhamu hariiroo haadholiifi daa’imman isaanii jidduu jiru jabeessuurratti xiyyeeffata. “Suuraalee yaadannoo gaarii hariiroo haadha sanii fi daa’imashee jidduu jiru ni jabeessa jedhee amana. Dabalataanis haati sun akka haadhatti malee akka yakkamtuutti akka of hin ilaalleef ishee gargaara,” jetti. “Jireenya ulfaataa haadholii mana hidhaa jiranii isa haaraatiin ni jijjiira jedhee abdadha.” Alinaa fi mucaashee Nikoolaa Maatiin kiyya ana qofa qabu ture, isaanis dureeyyii ta’uu baatanis waan hunda naa guutu ture. Barnoota gaarii dabalatee. Warshaa kophee keessa hojjadha ture, achitti kan jaalallee kiyya jalqabaa waliin wal argine. Yeroo gaarii ture. Yeroon booda garuu jireenyi kiyya jijjiiramee hidhaadhaaf saaxilame. Nama abbaa warraa kiyya ta’e waliin wal argine, ulfaa’ee daa’ima gammachuu kiyyaaf sababa ta’e dahe. Yeroo sanitti abbaan warraa kiyya maatii biraa, jireenya biraa qaba ture. Daa’ima kiyyatti baay’ee boona, innis waggaa tokkoo fi ji’a jaha ture. Nama baay’ee na jaalatuu fi ani baay’ee jaaladhutu jira. Daa’imni kiyya waa hunda isaati, akkuma kan isaatti isa jaalata. Kaayyoon kiyya mana hidhaa kanaa bahee daa’ima kiyya waliin duwwaarraa ka’ee jireenya kiyya jiraachuudha. Aanaa fi intalashee Sooniyaa Haadha ijoollee afurii ture, yeroo hunda tattaaffadha abdii kutee hin beeku. Hojjachuu, muuziqaa dhageeffachuu, sagantaalee jaalalaa fi fiilmii jaalalaa daawwachuu jaaladha.
Obboloota kiyya sadi waliin guddadhe. Tasa ta’een haati fi abbaan kiyya ni du’a – obboloota kiyya waliin hariiroo gaarii hin qabu ture, waliin hin haasa’u. Waggoota kudhaniif heerumee ture, dhugaa dubbachuuf maqaan abbaa warraa kiyyaa asirratti ka’uu hin qabu. Yeroo dheeraaf gargar baanee turre. Ijoollee dhiiraa lamaa fi intalaa lama qaba. Intalli tiyya isheen quxisuun ammaaf na waliin jirti. Ijoolleen tiyya isaan biroo darbee darbee argaani. Isaan cinaa ta’uu dhabuu kiyyaaf baay’ee gadda. Elenaafi mucaashee Vaaniwushaa Harmeen tiyya yeroo ani ganna sadi ture sanitti duute. Ijoollee afur qaba, obboleettiiniifi obboleessi kiyya hangafaa abbaa biraarraa dhalatan waan ta’eef gara Kaazaakistaan deeman. Anii fi obboleettiin tiyya quxisuu eessuma keenya waliin jiraanne. Yeroon booda obboleettii tiyya maatii biraatiif kennan, ana ammoo dhaabbata ijoollee kunuunsuufi kennan. Dhiirri jaaladhe abbaa daa’ima kiyyaati. Inni mana hidhaa ture kanaaf dhaqee isa ilaala ture. Yeroo hidhaadhaa bahu garuu dhufee mucaa isaallee hin ilaalle. Mucaa ganna lamaa bareedaa fi cimaa ta’e qaba. Yeroo asii bahu, hojjadhee mucaa kiyya barsiisuu barbaada. Innis dogoggora ani hojjadhe akka irra hin deebineefi fuldura gaarii akka qabaatuuf ni hojjadha. Liwudmiilaafi mucaashee Luliyaan Hamma umuriin kiyya 19 guutuufi obboleettiifi abbaa fi haadha kiyya waliin jiraadhe. Achi booda abbaafi haati kiyya gargar bahan. Abbaan kiyya baay’ee na reeba ture, obboleettii tiyya na caalaa jaalata. Yeroo ganna 20 turetti abbaa mucaa kiyyaa waliin jaalala keessa turre. Carraa waan hin qabneefi yuunivarsiitii hin galle.
Carraa waan hin qabneefi yuunivarsiitii hin galle. Anjeelaafi intalashee Aniwutkaa Yeroo ganna lama turerraa abbaa kiyya waliin guddadhe. Abbaa kiyya qofa waliin guddadhus barnoota gaarii argadheera, inni baay’ee na gargaara ture. Abbaan warraa kiyyaafi ati waggoota saddeetiif waliin turre. Ijoollee jaha qaba – dhiira sadii fi intala sadi.Yeroo ammaa kanatti Aniwuktaa qofatu na waliin jira, isaan kaan mana jiru. Ji’oota torbaaf isaan hin argine. Raatafi mucaashee Nikoolaa Ijoollee dhiiraa lama qaba – Waan Rabbi isaan naa kenneef baay’ee gammachuu qaba. Hamma obboleettiin tiyya duutuufi maatiin keenya keessatti namoota shan turre. Guyyaa san irraa kaase haalli maatii keenya ni jijjiirame – keessummoota walitti taane. Jaalallee Vaasil jedhamu qaba ture, innis yeroo hunda naafi adaadaa tiyya na guddistu cinaa ture. Yaadannoon ijoollummaa kiyya inni gadeen adaadaan tiyya baay’ee na reebdi ture, sana booda ani manaa bahe. Ergasii naannoo biraa deemee hojjachuu jalqaba, sana booda gara biyya alaatti imalee achitti waggaa tokkoofi walakkaaf hojjachaa ture. Guyyaa tokko wanti gadeen na mudatee mana hidhaa seene. Abbaa ijoollee kiyyaa waliin qunnamtiin hin qabnu, sababni isaas inni biyya alaa jira waa’ee ijoollees tasuma hin yaadatu waan ta’eefi. Ijoollee isaa keessaa tokko na waliin mana hidhaa kana jira. Abbaa warra kiyya duraa waggaa tokkoo fi walakkaa ta’eera erga wal arginee. Bara 2019’tti nama biraatti heerumeera. Abbaan warraa kiyya ammaa nama gaariidha – innis akka asii baanuuf waan danda’u godhaa jira. Yeroo asii bahu hojii argadhee ijoollee kiyya guddisuu fedha.
Poolisiin Naayijeeriyaa 'warshaa daa'immani' Leegoos keessarratti tarkaanffii fudhate Poolisiin biyya Naayijeeriyaa magaalaa guddiittii biyyattii Leegoos keessatti ''warshaa daa'imaa'' jedhamuun iddoo beekamu keessaa dubartoota ulfaa 19 baasuu hime. Dubartoonni gadhiisifaman kunneen irra caalaan kaayyoo 'ulfeessuun wayita dahan ammoo ijoolleesaanii gurgurachuutiif'' kan butamaniidha, akka ibsa poolisiitti. Dubartoonni akka narsiitti osoo hinleenjii'iin hojii baqaqsuun wallaanuu hojjatan lama kan to'ataman yoo ta'u, namni shakkamaan gochicha kana duuba ture baqateera. Poolisiin akka jedheetti, daa'imman dhiiraa hanga doolaara 1,400tti kan gurguraman yoo ta'u, dubartootni ammoo doolaara 830 baasu.Kana malees daa'imman kunneen gara biraatti kan dabarfaman yoo ta'u, eenyu akka bituuf namooni bitan eessatti kan argaman t'u wanti barame hinjiru. Odeessi ''warshaa daa'immanii'' jedhu kunis Naayijeeriyaa keessatti oduu haaraa miti. Tarkaanfiiwwan akkanaa baayyeen fudhatamaniiru. Bara darbes tarkaanfii fudhatameen daa'imtii 160 ta'an baraaramanii ture. Amma ammo daa'imman afur baraaramaniiru. Shamarran warshicha keessaa baraaraman kan umuriinsaanii waggaa 15- 28 jidduutti argamu yoo ta'u, hojii isin qaccarsiisna jedhamuun kutaa biyyattii garaa garaa keessaa gara Leegoosiitti fidaman. Haa ta'u malee erga fidamaniin booda akka qabeenyaatti qabatamuun quunnamtiin saalaa irratti raawwatama. Shamarran baraaraman keessaa tokko barruu biyyattii 'Vanguard' jedhamutti akka himteetti ''buufata awutobisiitii dubartii tokkotu dhufe na fudhee as na galche'' jette jirti. ''Guyyaa itti aanu ammo, giiftii keenyaan hanga waggaa itti aanuutti dallaa sana keessaa ba'u akka hindandeenye natti himame,'' jette jirti.
''Guyyaa itti aanu ammo, giiftii keenyaan hanga waggaa itti aanuutti dallaa sana keessaa ba'u akka hindandeenye natti himame,'' jette jirti. ''Hanga ammaattis dhiiroota torba waliin ciseera osoon ulfa ta'u kiyya hinbariin dura. Dahumsaan booda maallaqa baayyeen akka naaf kanfalamu natti himameera.'' Dubartiin rakkinni kun irra gahe kan biraa BBC'tti akka himteetti, fedhii ishe malee qabamuun akka mucaan ishee gurguramuuf jiru erga barteen boodas bahuuf wayita jettuutti dhorkamushee himte jirti. Akkasumas kan biraammoo bilbilliifi maallaqnishee harkaa fudhatamuun osoo dhukkubsataa jirtullee mana yaalaa deemuu akka hindandeenye akka itti himame dubbatti. Dubartoonnii fi daa'imman kunneen amma manni kennameef boqachaa jiru jedhe poolisiin biyyattii.
Iskootilaand maatiin ijoollee akka hin kaballe seeraan dhorkite Iskootilaand maatiin ijoollee kabaluu gocha yakkaa wayita taasiftuu UK keessaa biyya jalqabaati. Wayita ammaa kanattis maatiiniifi kunuunsitoonni ijoolleen naamusa qababsiisuuf 'otoo hin miidhiin dhahuu' akka danda'an heeyyamameefiira. Haa ta'u malee mootummaan Iskootilaand ijoolleen akkuma ga'eessa tokkoo miidhamni kamiiyyuu irraa eegamuu qabu jedheera. Dhorkaan adabbii qaamaa kamiiyyuu akka hafu jedhu kunis kenniinsa sagalee paarlaaman Iskootilaandi har'a guyyaa Kamiisaa kennuun ni deeggarama jedhamee eegama. Yaadni kuni miseensaafi hoojetaa paartii 'Scottish Greens' jedhamuun kan ka'e yoo tahu, paartiisaafi paartiiwwan biraa irraa deeggarsa argateera. Joohn Fiinii lammiileen xixiqqoofi saaxilamoo tahan hanga har'aa eegumsa guutuu qabaachuu dhabuun 'waan ajaa'ibaati' jedheera. Dabaluunis: ''Adabbiin qaama Iskootilaand jaarraa 21ffaa keessatti iddoo hin qabu. Ragaan idil addunyaa adabbiin akkasii dhiibbaa rakkisaa tahe qaba jedha. Yaadni uummata Iskootilaand dhimma kanaaf lakkaa'ame garuu yaada kana ni morma- seerri amma jiru gahaa dha, jijjiiramni seeraa godhamuuf jedhu maatiiwwan 'gaarii' yakkamtoota taasisuu ni danda'a jedha. Haa tahu malee dhaabotni miti-mootummaa dhimmoota ijooollee irratti hojjetan dhorkaa kana deeggaraniiru. Iskootilaandiitti ga'eessa tokko haleeluun akka miidhaatti lakkaa'ma, ijoolleen garuu eegumsa wal-fakkaataa hin qaban. Kanaaf namni ijoollee dhaane adabbii isaaf 'sababan qaba' jechuun ittisa dhiyeefachuu danda'a. Kunimmoo ijoollee umuriin isaanii waggaa 16 gad jiran hayaata(naamusa) kabachiisuuf humna akka fayyadamaniif karaa saaqaaf.
Kunimmoo ijoollee umuriin isaanii waggaa 16 gad jiran hayaata(naamusa) kabachiisuuf humna akka fayyadamaniif karaa saaqaaf. Adabbii 'sababii gahaa' yoo jedhamu manni murtii akkaataa adabbii, yeroo fudhate, al meeqa akka taasifame, umuriin mucaafi dhibbaa xiinsammuufi qaama irratti qaqqabe dhimmoota jedhan ilaaleetu gara adabbiitti adeema. Kanaaf, seera kana duraan maatiin ijoollee isaanii kabaluun hayyamaaf ture- mataa keessa dhahuu, raasuufi meeshaan rukutuun seeraan ala dha. Manneetii barumsaa keessatti adabbiin qaamaa kamiyyuu dhorkaa dha. Seerichi yoo hojiirra oolu, ijoolleen akkuma ga'eessa tokkoo eegumsa guutuu argatu, maatiinimmoo 'rukutuu koof sababiin qaba' jechuu hin danda'an. Adabbiin qaamaa biyyoota guddatan kanneen Ameerikaa, Jarmaniif Siwiidin irra UKtti baay'ata.
Awustraaliyaan namni 'sperm' arjoome abbaa seera qabeessa daa'imaati jette Namtichi lammii Awustiraaliyaa waggoota 11 dura dubartii tokkoof isparmii arjoome, dubartittiin daa'ima yeroos dhalatte fudhattee biyyaa akka hin baane himate irra aane. Manni murtii Olaanaa Awustiraaliyaa namtichi jireenya mucattii keessaa qooda waan qabuuf abbaa ishee seera qabeessa akka ta'e murteesse. Murtoon kun kan manni murtii gadi aanaa biyyattii, kana dura namni 'isparmii' arjoome mirga abbaa ta'uu hin qabu jedhee murteessee, haqsiise. Ogeessotni dhimmi kuni Awustiraaliyaa keessatii eenyutu 'maatii' ta'uu danda'a kan jedhu irratti jijjiirama fiduu mala jedhan. Abukaatoon nama kanaa Taahliyaa Bileera, dhamaatii waggaa shanii booda gammadeera jedhaniiru. Murtichi, ''abbaa daa'ima isaa jaalallee ykn haadha warraa osoo hin taane, hiriyaa isaa waliin guddisuu barbaaduuf murtii gaarii dha'' jechuunis BBC'tti himaniiru. Namni ganna 49 fi haati mucaa yeroos hin heerumne, hiriyyoota turan. Inni 'Isparmii' akka arjoomuuf bara 2006tti waliigalan. Daa'ima waliin guddisuuf walii galan. Boodarra garuu, walirraa fagaatan jedhu abukaatoon nama kanaa. Abukaatoon haadhaa immoo inni abbaa mitii jedhu. Haa tahu malee, waraqaa ragaa dhalootaa daa'imaa irratti garuu akka abbaatti maqaan barreeffame ture, mucaanis ''abbaa'' jettee waamaa turte. Gaafa Roobii, Manni Murtii Olaanaa Awustiraaliyaa namni kuni abbaa seera qabeessa akka tahe murteesse, haaatis mucaa qabattee gara Niiw Ziilaand akka hin deemne dhorke. Yunivarsiitii Laa Tiroobeetti piroofeesara seeraa kan tahan Fiyoonaa Keelii seerri maatii biyyattii namni ispeermii isaa dubartii hin heerumneef arjoome jireenya daa'imaa keessatti qooda qabaachuu ni danda'a jedhu.
Yunivarsiitii Laa Tiroobeetti piroofeesara seeraa kan tahan Fiyoonaa Keelii seerri maatii biyyattii namni ispeermii isaa dubartii hin heerumneef arjoome jireenya daa'imaa keessatti qooda qabaachuu ni danda'a jedhu. Garuu Piroof, Keeliin murtichi abbaan akkasii hanga maaliitti qooda akka fudhatu hin ibsu, inumaayyuu ''dhimma biraaf karaa bana'' jedhaniiru. ''Namooti ispeermii arjooman baay'een jireenyaa daa'imaa keessatti sadarkaa garaagaraan qooda fudhatu. Garuu ''nuti abbootii seera qabeessadha hin jedhan'' kunimmoo namoota baay'ee naasisaa dhufe jedhu proofeesar Keeliin. ''Murtoon kuni rakkoo maatii kanaa fureera- garuu warri kun adda dha. Namni ispeermii arjoome yeroo baay'ee waraqaa ragaa dhalootaa irratti maqaansaa hin katabamu. Dhimmichi gaaffii seeraa biraa kaasuu ni danda'a jechuun waliigalu proofeesar Beelindaa Feehliiberg yunivarsiitii Meelboorn irraa.
Guyyaatti bishaan 'burcuqqoo' saddet dhuguun baayyachuu mala -Qorannoo Gorsi fayyaa kanaan dura namni tokko guyyaatti bishaan ‘burcuqqoo’ saddet dhuguu qaba jechuun kennamaa ture dogogora ta’uu akka malu qorannoon akeeke. Saayintistoonni Yunivarsiitii Harvaard guyyaatti namni tokko bishaan liitira lama ykn ‘burcuqqoo’ saddet akka dhuguuf gorfamaa ture hanga namni barbaaduun ol ta’uu qorannoon mirkaneessuu ibsan. Namni tokko bishaan guyyaatti argachuun irra jiraatu keessaa walakkaa kan ta’u nyaata keessaa argachuu waan danda’uuf, bishaan guyyaatti dhugamuu qabu liitira 1.5 hanga 1.8 hin caalle ta’uu qaba jechuun gorsaniiru. Argannoon qorannoo saayintistoota kanaa barruu ‘Saayins’ jedhamurratti torban kana ibsameera. Namni tokko hanga bishaan guyyaa tokko keessatti isa barbaachisu baruudhaaf qorannoon kanaan dura gaggeeffame namoota lakkoofsi isaanii murtaa’aa ta’e akka saamudaatti fudhachuun kan hojjetame ture. Piroofeesarri Yunivarsiitii Harvaard Joon Ispiikmaan BBC Raadiyootti akka himetti, “jalqaba namni tokko guyyaatti bishaan liitira lama dhuguu qaba jedhamee gorfamaa kan ture dogoggora shallaguu qaba ture. “Hangi bishaan dhuguu qabnuu bishaan nyaata argannurraa fudhanurraa kan hafe ta’uu qaba. Dogoggorri akkasitti yaaduu kun kan mudate ammoo namoonni nyaata hangamii nyaatu kan jedhu qofaa gaafachuurratti kan hundaa’e waan ta’eef dogogora ture.” Yeroo qorannoon gaggeeffamutti namoonni nyaata nyaatan xiqqeessanii himachuu isaaniitiin, bishaan hanga namni tokko dhuguu qabuun ol ta’ee akka tilmaamamu taasiseera jedhe. Ammaa ammoo qorattoonni lakkoofsa namoota qorannicha irratti hirmaatan ol guddisuun, mala ittiin hanga bishaan isaan barbaachisuu ittiin adda baafatan fayyadamuun isaanii ibsameera. Qorannicha irratti namoonni 5,604 ta’an biyyoota 23 keessaa babba’an kan itti hirmaatan yoo ta’u, umuriidhaanis guyyaa saddetii hanga wagga 96 namoonni ta’an itti hirmaataniiru.
Qorannicha irratti namoonni 5,604 ta’an biyyoota 23 keessaa babba’an kan itti hirmaatan yoo ta’u, umuriidhaanis guyyaa saddetii hanga wagga 96 namoonni ta’an itti hirmaataniiru. Qorannicha keessatti qabiyyeewwan bishaan keessa jiran, haala qilleensaa bakka namoonni jiraatanii, saala, umuriifi haalawwan biroo ilaalcha keessa galaniiru. Qorattooonni kunneen akka jedhanitti, namoonni haalota gara garaa keessa jiran bishaan baayyeen isaan barbaachisuu kan danda’u ta’us, sana mara dhuguun isaan barbaachisuu dhiisuu danda’a. “Dhiirri umuriin isaa wagga 20ota keessa jiru tokko guyyaatti bishaan liitira 4.2 argachuuf fedhii qabaatullee, bishaan ahanga sana gahu garuu dhuguun isarra hin jiraatu,” jechuun dubbate Piroof. Ispiikmaan. Nyaata nuti guyyaatti nyaannu hedduun isaanii bishaan of keessaa waan qabaniif, qaamni keenya hanga bishaan guyyaatti isa barbaachisuu bishaan kallattiidhaan dhgnuun alatti nyaata nyaannurraa waan argannuuf kun ilaalcha keessa galuu akka qabu qorattoonni eeraniiru. Kanaaf, namoota garaa garaaa haalafi bakka garaa garaa keessa jiraniif akkasumatti duunyaadhumatti guyyaatti bishaan ‘burcuqqoo’ saddet ykn liitira lama dhuguu jechuun akka hin barbaachifne qorannichi ibseera. “Gorsi hanga ammaa namni hunduu guyyaatti bishaan ‘burcuqqoo’ saddet dhuguu qaba jedhu namoota hedduu haala gara garaa keessa jiraniif humnaa ol ta’uu danda’a. Kanaaf, bishaan namni tokko guyyaatti dhuguu qabu jedhamee kanaan dura gorfamaa ture sirrii miti; haala hunda ilaaluun, kan karaa nyaataa rgatamus ilaalcha keessa galchuun herregamuu qaba,” jedhe Piroofeesairichi. Qorannichi gara fuula duraatti uummanni addunyaa keenyaa bishaan hangamitu isa barbaachisa kan jedhu baruudhaaf kan gargaaru yoo ta’u, bishaan hanga barbaadamuun ol dhuguunis bu’aa hin malle qabaachuu akka malu eereera.
Fedhii walii beekaanii miira walii eeguun 'dubbii itillee' tolfachuu “Dubartoonni hunduu jireenya isaanii keessatti saal-qunnamtii fayyaalessa ta’e itti gammadan argachuun isaaniif mala,” jetti Yunivarsiitii Saayinsii Fayyaa Oregonitti (OHSU) Saayikaatiristiin Wiirtuu Fayyaa Dubartootaa Nikool Siriinoo. Fedhiin uumamaa kun dubartoota qofaaf osoo hin taane dhiirotaafis waan guutamuu feesisudha. Haata’u malee, sababoota gara garaan keessumaa dhiibbaa aadaa isaanirratti hammaatuun dhiirota caalaa dubartoonni akka fedhaniifi saatii fedhanitti waan hin taaneef yoo miidhaman mul’ata. Qorannoon akka mul’isutti saal-qunnamtiin fayyaa dhala-namaatiif baayyee barbaachisaadha. Saal-qunnamtiin ergaawwan narviidhaan (neurotransmitters) sammuurraa kaasee qama namaa keessa akka si’oominaan daddarbaniif gochuuf gargaara. Kana gochuun saal-qunnamtiin fayyaalessi walumaagala fayyaa keessatti: Dhiibbaa dhiigaa hir’isuun, sirna qaamni ittiin dhukkuba ofirraa ittisu (immune) foyyeessuun, dhibee onnee xiqqeessee fayyaa onnee foyyeessuun, ofitti amanamummaa cimsuun, dhiphinaafi yaaddoo xiqqeessuun, dhukkuba uumamaa akka namatti furu taasisuun, hirriba foyyeessuuniifi kkf gumaacha guddaa qaba jedhu qorattoonni. Wal qunnamtii saalaa keessatti waanti murteessaan gammachuu miiraafi qaamaa jaalalleewwan/ abbaa warraafi haati warraa argatanidha jedhu namoonni. Gammachuu miiraafi qaamaa lachanuu akka barbaadanitti argachuu qaban milkeessuuf ammoo iftoominaan dubbatanii fedhii walii baranii waliif eeguu, iftoominaan waliin haasa’uu, walirratti amantaa qabaachuu, kanneen jedhan warra ijoodha. Keessumaa qunnamtii saalaa dura haasaan jaalalaa taasifamu qophii xiinsammuu, miiraafi qaamaa barbaachisaadha.
Gaa'ela keessatti iftoominaan haasa'anii fedhii walii beekuufi miira waliin eeguun murteessaadha. Fedhii addaa qaban waliif beekuun addatti itillee irratti dubbii jabduudha jedhu warri fayyaa, saal-qunnamtiifi jaalala qoratan. [Itillee] jechuun bakka ciisicha michuuwwan jaalalaa ykn haadha warraafi abbaa warraa jechuudha. Mammaaksa Oromoo keessattis yeroo abbaan warraafi haati warraa waldhabanii akka araaraman barbaadamutti; ‘dhirsaafi niitii itilleeti araarsa’ jechuun jaarsi dafee gidduu hin seenu. Dubbiin itillee kun ammoo jarri lachan wal hubachuu, tokko isa kaan irratti amantaa qabaachuufi waliif beekuun qajeela. Fakkeenyaaf, haadha warraafi abbaa warraa qunnamtii saalaa jalqabanii tokko dura xumura. Kaan garuu ammayyuu adeemsa irra jira/ jirti taha. Kun uumamadhas. Isaan keessaa tokko akka xumureen itti aansee tapha akkamii taphata/tti? Hariiroo jaalalaafi itillee keessatti bakki kun yeroo baayyee bakka rakkoon itti uumamuu maltuudha waan ta'eef dhimma jarri lamaan xiyyeeffannaan irratti hojjetamuu qabudha. Yeroo hedduu fedhiin dhiirotaa dursee jalqabee dafee yoo xumuramu, kan dubartootaa garuu suuta jalqabee turee xumurama. Amala uumamaa kan garuu mariifi walhubachuun horachuun, walqixxeessuu ykn walitti butuun akka danda'amu himu hayyuun xiinsamuu. Qorannoon adda addaa akka agarsiisutti dubartootni %5 qofatu fiixee gammachuu isaanii dhumaa irra gaha. Kana jechuun dubartootni 80% tahan osoo miira isaanii hin xumuriin jalqabanii gidduutti dhaabu jechuudha. Nama aarsa, walitti nama buusa, amala akka jijjiiratan taasisa. Kanaafidha qunnamtii saalaa keessatti miira ofii xumuruun qofti gahaa akka hin taane beekuun kan barbaachisuuf. Qunnamtiin saalaa hojii sammuu, qaamaafi miraa of keessaa qaba.
Atileetii fageenya dheeraa fiigu tokko jalqaba qaama ho’ifata, achii ni fiiga, erga xumuree ammoo qilleensa baafachuun deebisee qama isaa tasgabeessa. Qunnamtiin saalaas akkanuma, qunnamtii saalaa jalqabuu dura yeroo qunnamtii saalaafi booda erga xumuranii lamaan isaanii haasaa jaalalaafi kaaniin miira tasgabbeessuu barbaada. Bakka kanatti walitti dhufeenyi hirribaafi saal-qunnamtiis ilaalamuu qaba jedhu ogeessonni fayyaa. Hirriba gaariifi gahaa qabaachuun saal-qunnamtii fayyaalessa qabaachiif fayyada; saal-qunnamtii fayyaalessa qabaachiinis hirriba gaarii argachuuf ni gargaara. Haata’u malee, hormooniiwwan wayita saal-qunnamtii qama namaa keessaa burqan yeroo deebiyanii ititanitti qaamni dhala-namaa waanboqotuuf hirribni dafee nama fudhata. Kun ammoo yeroo hedduu dhiironni dubartoota dura fedhiin saal-qunamtii dhufeefii durasanii waan xumuraniif wayita isheen miira ho’aarra jirtutti hirribi fudhachuun ni mul’ata. “Abbaan warraakoo akkuma qunnamtii saalaa jalqabneen ana dursee fixata. Daqiiqaa booda miirakoo fannisee hirriba keessa galee korrisuu jalqaba,” jette dubartiin Sariinaa sagalee jijjirachuu gootee miidiyaa biyya keessaa dhimma maatii irratti mari’achiisaa ture irratti. [Sariinaan] maqaa ishee isa sirrii miti. “Achi ofirraa na dhiibee hirriba isaa keessa gala, inni ciisee korrisa, ani miirrikoo akkuma fannifamettan baaxii manaa keessa ilaalaa yaadaan bada, rakkoodha,’’ jechuun itti fuftee rakkoo keessa isheetti ukkaamameeru ibsite. Rakkoo gola namoota hedduu jirudha. Garuu eenyu baasee dubbataree? Sagantaadhuma maatii raadiyoon darbaa ture kana irratti dubartin lammataa bilbilaan galuun “abbaan warraakoo konkolaachisaadha, guyyaa guutuu dadhabaa oola. Guyyoota muraasa bubbulee manatti gala.
Baay’ee isa yaadee gaafan argadhu daqiiqaa tokko keessatti xumuree hirriba du’a fakkaatu keessa gala. Maalan godha?’’ jechuun furmaanni yoo jiraateef gaafatti. Kan sadaffaa, “Kan koo ammoo yeroon ani isa barbaadee tutuqu, isa waliin taphachuu barbaadu na hin jeeqiin baay’ee dadhabeera jechuun na ifata,” jette. Akkuma beekamu aadaafi safuu uummata keenya irraa kan ka’e namni keenya waa’ee qunnamtii saalaa ifatti baasee hin dubbatu. Garuu rakkoo guddaa otuma tahee jiruu waan biraan qabee dubbii gochuu danda’a. Ogeessi seeraa dhimma maatii irratti wal dhabdee jiru ilaalchisee affeerame tokko ammoo mana murtiitti waan biraan wal himatu malee rakkoon as keessa jira jedhan. Maddi rakkoo saal-qunnamtiirra tahee osoo jiruu wal himannaan dhimma biraa taha jedhe. Irra caalaan gaa’ela diigamuu ragaan hamma kana jedhamee himamuu baatus rakkoo saal-qunnamtii walaiin wal qabata jedhan. Kun rakkoo bultoo keessa jiru mitiiree? Waan kana keessummeessaa sagantaa raadiyoo maatii kun ogeessa xiinsamuu tahe tokko waliin dubbateera. Hiriyaan jaalala ho’aa walaiif qabu, wal mararsiifatu, garuu akkuma qunnamtii saalaa jalqabanii inni dafee xumureen diina walaii tahu,” jechuun ibse. Tarii dhimmi kun diigamuu bultoo namoota hedduuf sababa ta’uu ni mala. Walqunnamtii saalaa fayyaalessaafi gammachuu qabu argachuuf sadarkaalee walqunnamtii saalaa keessa jiran hubachuun barbaachisaa akka ta’e ogeessonni fayyaa maatiifi xiinsammuu ni ibsu. Kun amala jaalallee kee jalqaba saal-qunnamtiitii hanga xumura isaatti qabdu/qabu baruuf gargaara jedhu. Kun ammoo mufannaa ykn aariifi dheekkamsa sana booda mudachuu danda’u oolchuun lachanuu jaalala guutuu akka argatan gargaara. Sababni isaa jaalalleewwan lamaan ykn abbaan waraafi haati warraa wal hin gammachiifne taanaan battalatti ta’uu baatus bulee oolee amala badaa gaa’ela keessatti dhalatuuf sababa ni ta’a.
“Rakkoon dhiirota hedduu akkuma saal-qunnamtii xumuraniin dhimma jaalallee isaanii hin dhaqan. “[Keessumaa aadaa keenya keessatti dubartoonni fedhiima dhiirotaa eeguu malee kan ofii isaanii waan hin himanneef] dhiironni dafanii gara boqachuufi hirribaatti ariifatu,” jedha ga’eessi wagga 32 Iyyaasuun. “Dhiirotni tapha saal qunnamtii duraa ni beeku. Jalqabuu barbaadu waan taheef miira sana fiduuf haasaa duraa sana ni taphatu. Garuu erga dhimma isaanii bahatanii haasaa isa booda barbaachisu ykn hubannoo dhabuun ykn miira isaanii qofa xumuruun garagalanii hin ilaalan.” Akka qorannoon mul’isutti, qunnamtii saalaa sadarkaa sadaffaa keessatti xumurama. [Orgams] miira dubartootaa isa dhumaa irraan gahuun saalqunnamtii tokko milkaa’aa taasisa. Dhiirotni yeroo qunnamtii saalaa raawwatan gammachuu guddaa irra gahu; dubartootni ammoo miira itti fufee dhufu wan qabaniif haasaan itti aanee jiru baay’ee murteessa. Dhiirotni aluma takkoo yoo miira isaanii xumuran dubartootni ammoo marsaa tokko keessatti irra deddebiin miira isaanii xumuruu danda’u. Kanaafidha yeroo akkamii irratti isa dhumaarra akka geese beekuun kan si dhiirota barbaachisuuf. Akka qorannoon himutti taanaan, sadarkaa arfaffaa keessatti qaamni saalaa dhiirotaa ni kufa [ni ka’u]. Umurii irratti hundaa’us dhiirotni bara dargaggummaa isaaniitti deebisanii qaama isaanii kaasuuf daqiiqaa 30 barbaadu, bara dullumaa jala ammoo sa’a 24 fudhachuu danda’a jedhu qorattootni fayyaa. Kanaafidha haasaa saal qunnamtii boodaa beekuu fi fayyadamuun rakkoo kana furuuf oola kan jedhamuuf. Haasaan saalqunnamtii boodaa miira dubartii ka’ee hin deebiyiin jiru sana qabbaneessuuf oola. Kitaabni After Play jedhu haasaan saal-qunnamtii booda lamaan isaanii godhan miira, sammuufi qaamaan jireenya isaanii guutuu taasisa jedha.
Kitaabni After Play jedhu haasaan saal-qunnamtii booda lamaan isaanii godhan miira, sammuufi qaamaan jireenya isaanii guutuu taasisa jedha. Hariiroo cimdiiwwanii akka malee cimsa, gaa’elli isaanii akka jabaatu gargaara. Dubbiin jirtu dhiirotni erga maaliif miira akkasii keessa galu kan jedhu hubachuudha jedha barreessaan ‘After Play’ James Halpern fi Mark A Sherman. Kan jalqabaa dadhabbii yoo tahu, kan lammataa ammoo hubannoo dhabuudha jedha. Furtuu jaalala ho’aa ‘Key to Intemacy’ bara 1979 barraa’e irratti dhiirotaafi dubartoota 264 irratti qorannoo gaggeessan. Akka qorannoo kanaatti dubartootni irra caalaan isaanii erga saal-qunnamtii raawwatanii sa’a tokko booda hirriba rafu. Kaan ammoo haasaa saal-qunnamtii boodaan tasumaa gammadoo akka hin taane himan. Gaarummaan isaa dubartootni erga rafanii ka’anii ammas miira haasaa saalqunnamtii duraatti waan galaniif haala duraan ture sana tasgabeessa jedhe. Dhiirotni yoo miiltoo isaanii dursanii fixanis akka ishee jaalatan agarsiisuu fi isheenis miira ishee xumuruu akka qabdu hubachuun taphoota jaalalaan waliin turtii taasisuu qabu jedhe. Haati warraa fi abbaan warraa akkaataa itti qaamni isaanii hojjechuu danda’u yoo hubatan lolli kutaa cisichaa ni xiqqaata jedha kitaabni ‘After Play’ kun. Qunnamtii saalaa ala haasaan jaalalaa hedduun waan jiruuf jechuudha. Lamaan isaanii wal hubachuun erga qaamni abbaa warraa ykn jaalallii ishee deebi’ee ka’ee ykn boqoannaa argatees deebisanii jalqabuu danda’u. Dubbiin yoo achumaan jalaa callisedha waan taheef. Wal qunnamtiin saalaa dorgommii miti. Yoom jalqabeen daqiiqaa meeqa keessatti fixa kan jedhu yaaduun isnirra hin jiraatu. Gochaa tokkoo tokkoo isheetti gammaduu qabdu malee waa’ee yeroo dabarsitan ykn eenyutu caala kan jedhu yaaduun isin irra hin jiraatu jechuun gorsa.
Garaa laafuun akka hin milkoofne nama taasisaa? Namoonni gara laafeyyiin waanta milkaa’uuf barbaachisu hin qaban jennee hubanna ta’a. Kun yeroo hundaa dhugoomaa laata? Tarii hundi keenya garaa laafuun gaaariidha jennee yaadna ta’a, garuu jireenya keessatti milkaa’inatti nama geessaa? Gara laafummaan fedha nama biraatiif dursa laachuudhaa? Wareegama nama kaffalchisuu hin qabuu? Ministirri Muummee Niwuzilaand Jasindaa Ardin, leenjisaan garee kubbaa miilaa dhiiraa Ingilaand Garez Saawuzgeet fi dhaabbata suphaa kophee Toomsan Cheen jedhamu kan hogganu Jaames Toomsan, namoota sadan gara laafeyyiidha jedhaman keessaayi. Sadan isaaniiyyuu damee hojii hojjatan keessatti namoota milka’aanidha, milka’inaaf gara laafummaa akka tarsimootti lakkaawwatu. Wanti jarri kunneen hubatan biizinasii keessatti namaaf yaaduun, siyaasaafi ispoortii keessatti tooftaa ’’laafaa’’ jedhamu hordofamu ta'uulle bu’aa gaarii ta'e qaba. Bu’aan isarraa argamu warreen namoota kunneen jalatti hojjataniif qofaa otoo hin taane, isaanuma warra hojjachiisuufillee ni fayyada. Ragaaleen saayiinsii bahaa jiran akka agarsiisanitti, namoonni gara laafeyyiin milkaa’uu danda'u jedha. Bara 2021 gareen qorattoota Yunvarsiitii Suseeks hubannoo hawaasni garaa laafummaarratti qaburratti qorannoo gaggeessaanii turan. Namoota 60,000 ta’anitu biyyoota 144 irraa qorannoo gara-laafumaa ilaaallatu kanarratti hirmaate. Namoota qorannoo kanarratti hirmaatan keessaa % 96 iddoo hojittii garaa laafuun akka barbaachisu deeggaran. Dhaabbanni tokko akka milkaa'uuf gara laafumni akka barbaachisaa ta’e qorannoon kun kan akeekeera. Yaada kana ogeessi Saayikoloojii Ameerikaa jiraatu JooyFoolkmaan qorannoodhaan deeggare. Foolkmaan, ogeessaa damee qoraannoofi madaallii Saayikoomeetirishiyaan jedhamuti.
Foolkmaan, ogeessaa damee qoraannoofi madaallii Saayikoomeetirishiyaan jedhamuti. Foolkmaan qorannoo hoggantoota 50,000 ol ta’an hirmaachise gaggeesseerratti hooggantoota hojjattoota isaanitiin madaalaman caalaatti milkaa’oo akka ta’an eeran. Foolkmaan akka jedhutti, biizansiin hooggantoonni isaanii madaalamanii qabxii gaarii galmeessisan bu’aa gaariis akka galmeessaniifi itti quufinsa maamilaa gaarii akka qabatan eere. Amalli gaariin iddoo hojiitti ni daddarbas jedhan. Qorannoo bizinasii keessatti hoggansi arjaan akka nama ‘’naamusa qabuutti’’ kaafama. Qorannoowwan akka agarsiisanitti, iddoo hojiitii haala hojii gaariin yoo jiraate hojjattootni caalaatti kaka’umsaan hojii isaanii hojjatu. Amallii gaariin iddoo hojiitti nama tokkorraa kaanitti darba jedha ogeessi Saayikolojii Mikaayilanjeeloo Viyanelloo jedhamu, Yunvarsiitii biyya Xaaliyaanii Paaduyaa jedhamurraa qorannoo gaggeesse. Ogeessi kun hospitaala hawaasa Paaduyaa cinaatti argamu dhaquun narsoonni hooggantoota isaanirrattii hangam akka amanaan, fedhii nama biraaf hangam dursa akka laataniifi akka gareetti gurmuun isaanii maal akka fakkaatu gaafataa ture. Siyaasa keessattillee nama arjaa ta‘uun ol nama guddisa, akkuma Ministira Muummee Niwuzilaand Jasindaa Adernitti. Haaluma kana fakkaatuun bara 1996 fi 2015 gidduutti qorataan Jeremii Firimer jedhamu haasaa miseensota Kongireesii Ameerikaa wayita falmii siyaaasaa gaggeessanii qo'ataa ture. Qorannoo isaa keessatti, miseensonni Kongireensii yeroo haasaan isaanii akka namoota sivilii hin taane fudhatamni isaanii ni hir'ata; wayita arjummaafi qajeelummaan dubbatan deeggarsi isaanii ni dabala jedhe.
Pirezidantiin Taanzaaniyaa dubartoonni daa’imman muraasa akka da’aniif gaafatan Pirezdaantiin Taanzaaniyaa Saamiyaa Suluuhuu Hassaan, lakkoofsa daa'imman biyya Afrikaa Bahaa kana keessa dhalatan irratti yaaddoo qaban ibsuun, lammiileen tarkaanfii qusannoo maatii akka fudhataniif gaafataniiru. Pirezdaantiin duraanii Joon Magufuulii, faallaa pirezdaantii ammaa kanaan dubartoonni qoricha qusannoo maatii akka hin fudhanneef jajjabeessaa turaniiru. Pireezdaant Saamiyaa wa’ee lakkoofsa daa’immanii biyyattii dabaluu irratti komii isaanii kan ibsan yeroo naannoo lixaa Geyitaa daawwatanitti ture. “Kaleessa akka natti himametti nannoo Geyitaa, Buseleseleetti, wiirtuu fayyaa tokko keessatti ji’atti daa’immaan 1,000’tu dhalata.” “Waggaa sadii booda kutaalee meeqatu barbaachisa? Wiirtulee fayyawoo- daa’immaan kana hunda tajaajiluuf meeqatu nu barbaachisa? Nyaata toonii meeqatu nu barbaachisa? Ariitii keenya hir’isnee wanta kana haa to’annu,” jechuun pirezdaantiin kun wamiicha dhiyeessaniiru. Bara 2018tti, pirezdaantiin duraanii Taanzaaniyaa Magufuliin namootni qoricha qusannoo maatii fayyadaman dhibaa’ota jechuun dubbatanii ture. Bara 2016’tti ammoo, erga barnootni sadarkaa tokkoffaa fi lammaffaa biyyattiitti bilisa taasifamee booda, “dubartoonni qoricha qusannoo maatii isaanii gatuu danda’u. Amma barnooti bilisadha,” jedhanii turani. Bara 2020’tti Baankiin Addunyaa akka jedhutti giddugalaan Taanzaaniyaatti dubartii tokko daa'imman 4.8 deessi. Lakkoofsi daa'imman dhalatanii kan akkas dabaleeru sababa gaa’ela ijoolummaa fi fayyadama qoricha qusannoo maatii gadi aanaanii jedhameera. Waggootii 30 darbaniif lakkoofsi kun hir’achaa deemuus, akka biyyootii ollaa akka Keeniyaa fi Itoophiyaatti haalaa fi ariitiin hin hir’isne jedheera Baankiin Addunyaa.
Waggootii 30 darbaniif lakkoofsi kun hir’achaa deemuus, akka biyyootii ollaa akka Keeniyaa fi Itoophiyaatti haalaa fi ariitiin hin hir’isne jedheera Baankiin Addunyaa. Taanzaaniyaan lammilee miiliyoona 60 ta’an kan qabdu yoo ta’u, isaan keessaa %49 kan ta’an galiin isaanii guyyaa tokkotti doolara 2 gadidha.
Waa'ee dhibee sammuu ijoolleen gar-malee akka jarjaran godhu beektuu? Doktar Naa’od Firduu jedhama. Ijoollummaa isaarraa kaasee iddoo tokkicha sa’aatii dheeraaf taa’uu akka hin dandeenyee fi waan tokkoratti xiyyeefatee turuuf akka rakkatu dubbata. Dr. Naa’od Yunvarsitii Finifinnee, Kolleejjii Fayyaa Hawaasaatti hogganaa kutaa Ippidimoolojiiti. Ijoollummaasaatti akka malee saffisaa akka ture dubbate. '‘Koornisii mana keenyaa shiboo elektiriikiin guutame keessa seeneen irra marsaa ooluun yaadadha. Mukti ani hin korre hin jiru. Humna guddaan qaba ture,’’ jedhe. Ijoolleen tapha, fiigicha, ultaalchoo ni jaalatu. Taatullee haala hin baratamneen ijoolleen waantotaaf xiyyeeffannoo kan hin kenninne ykn amala irra darbaa fi tasgabbii hin qabne yoo qabaatan maatiin ijoollee isaaniif xiyyeeffannoo kennuu qabu. Rakkoo fayya akkasii ogeeyyiin Attention-deficit/hyperactivity disorder (ADHD) jedhanii waamu. ADHD’n ijoolleen waa tokkorrattii xiyyyeefatanii akka hin turre taasisa. Sababa kanaarraa ka’een dafanii waa dagatu, waan hojjachuu eegalan xumuruuf ni rakkatu, dhibahanii waa dagatu, sirnaan dhaggeeffachuufi waan ajajaman rawwaachuuf rakkachuun mallattoolee ijoo ADHDti. Kana malees, sa’aatii dheeraaf ittifufanii haasa’u, amma baramee ol qaama isaanii sosochoosu, balaa isaan mudatu baayyee hin sodaatan, namni haasa’u tokkoo hanga haasa’ee xumuruttillee dhaga’uuf obsa hin qaban ykn addaan kutuun fa'i mallattoo ADHD ti. Dr Naa’od akka himanitti, ijoolleen ADHD’n miidhaman maatii fi hawaasni akka nama jeequmsa uumuutti lakkaa’uurraa kan ka’e ijoollummaan dhiphinaa hanga jeeqamuutti akka isaan miidhu seenaa isaanii qooduun hubachiisaniiru.
Dr Naa’od iddoo tokko yeroo dheeraaf turuu akka hin feene kaasuun, daa’ima rakkoo sammu kana qaban mana keessatti ugguranii tursiisuun dhiphinaaf akka saaaxilu himan. Qorannoon Ameerikaatti gaggeeffame akka agarsiisutti, ummaata Ameerikaa keessaa % 10’n ykn namoonni miliyoona 6 ta’an ADHD’n akka hubaman eere. Biyya Ingiliziitti ammoo daa’immaan %3.5, namoota gaheeyyii biyyattiin qabdu harki lama rakkoo dhibee sammuu kanaaf saxilamaniiru. ADHD’n sammuun fuulduraa gara mirgaa jiru guddinasaa otoo hin fixiin gaafa hafu rakkoo fayyaa uumamu dha. Dhibeen sammuu kunis yeroo baayyee sanyiin kan darbu yoo tahu, haadholiin ulfaa tamboo aarsan immoo daa’ima isaanii ADHD’f akka saaxilan qorannoowwan ni agarsiisu. Dr Naa’od illee abbaansaa ADHD akka qaban dubbata.Garuu hamma inni hakiima tahetti kana hin beeknu ture jedha. Dhibee ADHD daa’ima qabu kan adda baasu maatii akkasumas barsiisota dha jechuun dubbata Dr Naa’od. Ijoolleen dalagaa xiyyeeffannoo gaafatu hojii manee faa hojjechuu hin barbaadan taanaan mallattoo tokko tahuu ijaa maluuf maatiifi barsiisonni xiyyeeffannoo kennuu qabu. Dabalataan gaaffii isaaniif dhiyaate osoo hin xumuramiin deebii kennuuf kan jarjaran yoo tahe, dalagaa idilee isaanii kan irraanfatan yoo tahe, xiyyeeffannoo kennuun mallattoolee kunneen hordofuun barbaachisa. Namni baayyee rakkoo kana haala guddisa maatiiti jedhee ijaa amanuuf adabbiidhaan akka sirraa’u amana. Haata'u malee rakkoo guddina sammuu uumamaan mudatu gatii taheef dhiyeenyatti hordofuun akkasumas ogeessotaa fi barsiisota waliin marii’achuun barbaachisa. ‘’Ijoolleen isaanii fayyaalessa tahanillee namni hunduu ADHD’n maali kan jedhu akka dhibee sukkaaraafi dhiibbaa dhiigaatti hubachuu qaba.
Sababiinsaas ADHD’n dhibee nama baayyee irratti mul’atu gatii taheef,’’ jechuun Dr Naa’od ibsa. Gaaffiiwwn Dhaabbati Fayyaa Addunyaa rakkoo kana adda baasuuf baasee fayyadamuunis ka’umsa dhibee kanaa baruun ni danda’ama jedha. Akka addunyaatti daa’imman 100 keessaa 10 ADHD akka qabaniifi deeggarsa fayyaa yoo argatan garuu fooyya’insa gaariii jedhamu akka agarsiisan qorannoowwan ni agarsiisu. Wal’aansi wal-fakkaataa ge’eessota irrattillee ni hojjeta. Keesumaa maatiin daa’immanii dalagaa isaanii guyyuu otoo hin irraanfatiin akka hojjetaniif yeroo taphaafi hojiii dhaabbataa tahe barsiisuun, korojooo fi meeshalee barnoota isaanii biroo iddoo dhaabbataa akka kaa’an shaakalchiisuun deeggaruu danda’u. Akka qorannoowwan mul’isanitti ijoollee dhibee kana qaban keessaa deeggarsa yoo argatan harki 40 fayyuu kan danda’an yoo tahu harki 60 immoo hamma ga’eessa tahanitti dhibeen kun wajjin turuu danda’a. Dhiibbaa dhibee kanaa dandamachuuf garuu maloota murteessoo tahan hordofuun to’achuun jijjiirama agarsiisuun danda’ama. Dr Naa’od akka jedhutti gorsa xiin-sammuu, leenjii amalaa akkasumas deeggarsa fayyaa gochuun dabalataan qoricha ADHD’f kennamu akka furmaataatti akka ilaalan hubachiisu. Haa tahu malee, Itoophiyaa keessa qorichi dhibee kanaa tokkollee akka hin argamne hubachiisuun, yaaddessaa akka tahes himu. Yeroo baayyee ijoolleen, ‘’rakkisoo, qananiifi jeeqxota,’’ akka tahanitti ibsuu mannaa rakkoo guddina sammuu tahuu mala jedhanii yaaduu dhiisuunis yaaddeessaa dha jedha. Namoonni ADHD qaban rakkoon araadaaf saaxilamuun, konkolaataa oofu taanaan balaaf saaxilamuu, rakkoo gaa’ela keessatti uumamu, qarshii qisaasessuu, iddoo hojiitti milkaa’uu dhabuu, sa’atii dheeraaf dubbisuu dadhabuu akka isaan mudatu qorannoowwan ni ibsu.
Namoonni ADHD qaban rakkoon araadaaf saaxilamuun, konkolaataa oofu taanaan balaaf saaxilamuu, rakkoo gaa’ela keessatti uumamu, qarshii qisaasessuu, iddoo hojiitti milkaa’uu dhabuu, sa’atii dheeraaf dubbisuu dadhabuu akka isaan mudatu qorannoowwan ni ibsu. Kanaafis Dr Naa’od dhibeen ADHD xiyyeeffannoon kennameefi hordofamuun nama dhuunfaa caalaa hawaasaaf bu’aa qaba. Yeroo ammaa deeggarsa faayidaa qabu gama argachuun haalli fooyya’aa akka jiru hubachiisa. Haata'u malee namoonni baayyeen maatiifi michuuwwan isaaniin hubatamuu dhabuufi dogoggoraan hubatamuurraan kan ka’e dhiibbaa keessa jireenya isaanii itti fufuuf dirqamu. Kanaaf sadarkaa tokkoffaan maatii, hawaasaafi barsiisonni hordoffii taasisan fooyyee fiduudhaaf murteessaa dha.
Seeliin sammuu laaboraatorii keessatti guddate viidiyoo taphachuu danda’e Seeliin sammuu qorattoonni UK fi Awustiraaliyaa laaboraatoorii keessattii guddisan tapha teenisii viidiyoo bara 1970 keessa hojjetame taphachuu danda’eera. ‘Sammuun xiqqoo’ kuni naannoo baruu fi deebii kennuu danda’a. Dr Bireet Kaagaan keewwata qorannoo isaanii joornaalii Niwuroonii irratti baasaniin meeshaa beeddee seelota sammuu waa miirefachuu danda’an laaboraatorii keessatti tolchuu danda’eera jedhan. Ogeessonni kaan immoo hojii kana ‘’kan nama gammachiisu’’ jedhanillee sammuu miira qabu tolchuun garuu dubbii fiixeetti bahe dha jedhan. ''Meeshaa kana ibsuuf jecha filatamaa biraa argachuu hin dandeenye,’’ jedhu Dr Kaagaan. ''Odeeffannoo madda ala jirurraa fudhatee, xiinxalee battaluma sana deebisa,’’ Sammuun xixiqqoon yeroo jalqabaatiif kana dura kan tolchaman bara 2013 ture, kunis sammuun daa’imman baayyee xiqqoo tahee ittiin qorachuuf ture. Ergasii garuu qorannoon kuni sammuu xiqqoo gara tolchuutti guddate. Garuu sammuun tolfame kuni qaama alaa wajjin wal-quunnamuun garuu kan jalqabaati. Gareen qorannoo kun: Seelonni laaboraatorii keessatti tolfamanis ofumaan sochii elektirii agarsiisuu jalqaban. Akkuma haasaan kuni itti fufeen humna xiqqaa fayyadamuu jalqaban. Haa tahu malee, yeroo kubbaan teenisii raakkeettii bira darbuufi taphni akka haaraatti jalqabu akka haaraafi hin tilmaamaneen taphachuu itti fufan. Sammuun xiqqoo kuni daqiiqaa shan keessatti akkatti taphatan barate. Takka takka kubbaan jalaa baatii, garuu milkaa’inni agarsiise kan carraadhaan qofa argame miti. Sammuun tolfame kuni akka taphataa jiru beekuu baatus tapha teenisii kana akkuma namaatti taphate jedhan qorattoonni.
Sammuun tolfame kuni akka taphataa jiru beekuu baatus tapha teenisii kana akkuma namaatti taphate jedhan qorattoonni. Dr Kaagaan akka jedhanitti, teeknolojiin kuni gara fuulduraatti dhukkuboota waa irraanfachuurratti wal’aansa kennamuuf yaalii hojjechuuf fayyada taha jedhan. Kana booda Dr Kaagaan tapha teenisii Poong jedhamu kana taphachuu irratti dhiibbaa alkooliin qabu qorachuu fedha. Sammuun tolchame kuni akka sammuu namaatti yoo hojjete, yaalii wal’aansa sammuu namaaf kennamu hojjechuuf murteessaa taha jedhan Dr Kaagaan. Yunivarsiitii Xiinsammuu Kaardiffi’tti qorataa kan tahe Dr Diin Barneet ‘’sirna waa yaadu’’ jechu wayya jedha. '‘Odeeffannoon ifatti keessa darbee faayidaarra oolaa jira. Sunimmoo jijjiiramaa fida, kuni karaa bu’uuraa taheen seelonni kunneen akka baratan godha malee ofiin waan hin dalagne,’’ jedhan.
Waa'ee dhukkuba tarsa'uu hidhii fi qoonqoo ilaalchise kana beektuu? Dr Abrahaam G/Igzaabeer ogeessa Wal’aansa Baqaqsanii yaaluu Pilaastikaa fi qaama namaa suphuu (reconstruction) yoo ta’an, mudannoosaanii keessaa kan yoomuu hin daganne tokko akkanaan ibsu. '‘Gurbaa an baayyee yaadadhu tokkotu jira. Dhiyoo kana wal’aansi baqaqsanii yaaluu taasifameef. Wal’aansichi akkaan milkaa’aa ture. Wa’aansa booda gurbaan odeeffannoo akka barbaadu na gaafate. Maaliif barbaadde jennaan yeroo dhihootti qormaatan qaba naan jedhe. Suuraan duraan ka’e fuula kiyya ammaan waan wal hin fakkaanneef qormaatarraa akka nah in dhorkineef naan jedhe,’’ jedha ogeessi kun. Kun mudannoowwan tarsa’uu hidhii fi qoonqoo waliin walqabatee isa mudatan hedduu keessaa kan inni yaadatuudha. Edoom (maqaashee isa dhugaa miti) shamarree umriinshee naannoo ganna 25 yoo taatu, kan ishee beekan hunduu nama kolfaan beekamtuu fi taphattuu ta’uushee ibsu. Addunyaa si’anaa namuu yaadannoosaa (keessattuu suuraa yeroo ijoollummaa) miidiyaa hawaasummaarratti maxxansuun heddummaate kana keessatti Edoom carraa kana dhabuutti guddoo gadditi. '‘Hiriyoonni kiyya ni maxxansu, an garuu gonkumaa gochuu hin danda’u,’’ jetti. Edoom hidhiinshee baqaqaa ta’eetu dhalatte, ‘’Ijoollee ta’ee namoonni hedduun narratti xiyyeeffatanii na ilaalu turan,’’ jetti. Maatii ijoollee afur qaban keessatti kan guddatte Edoom, wayita dhalattu miirri haadhashee jeeqamee akka ture itti himamuu ibsite. '‘Haati kiyya wayita hidhii baqaqaa waliin dhalachuu kiyya argitu akkaan rifattee turte. ‘Maal baleessiini’ gaaffii jedhufaa keessa seentee turte,’’ jette Edoom. Haati ishee akka waan ishee gatii balleessaashee taateetti gaaffii keessa seenuurratti dabalataan, ilaalchi hawaasaa akka guddoo ishee miidhe ibsite shamarreen kun.
Bakka deeman hundatti maatiinshee huccuudhaan fuulashee xaxanii deemaa kan turan Edoom, dhalattee umrii wagga saditti mana yaalaa geeffamte. ‘’Rakkoon kun maalirraa akka na mudatu gonkumaa hin beeku. Maatii keenya keessa wanti akkasii hin jiru,’’ jette Edoom. Baqaquun hidhii fi qoonqoo sababoota garaagaraan uumamus irra-jireessaan garuu uumamaan kan dhufuudha jedha Dr Abrahaam. Sababni kan biraan ammoo dawaa yeroo ulfaa fudhatamuudha. Akkasumas yeroo ulfaa vaayirasii hamaa fi keemikaala summaa’aaf saaxilamnaan carraan daa’imni hidhii tarsa’aa dhalachuu olaanaadha. Sababa tokko yookiin sababoota walirratti baayyataniin tarsa’uun hidhii fi qoonqoo mudachuu danda’a jedha Dr Abrahaam. Maatii keessa namni hidhii tarsa’aa yoo jiraate, carraan daa’imni akkasii dhalchuu olaanaa ta’a jedha ogeessi fayyaa kun. Fakeenyaaf maatii keessaa haati, abbaan yookiin oboloonni rakkoo akkasii yoo qabaatan miseensi maatii haaraa dhalatus rakkoo kanaaf saaxilamuuf carraa olaanaa qaba. Edoom akka jettutti miidhaa tarsa’uun hidhii irraan ga’uu guddoo hin yaadattu. '‘Wayitan suuraa kiyya argu itti hin gammadu. Kanaan ala rakkoo narra ga’a hagas mara hin yaadadhu,’’ jette. Dr Abrahaam ammoo miidhaa mudatu akkanaan ibsa: '‘Rakkoon yoo mudate wayita sooratan gara funyaanii seena. Kunimmoo fe’amuuf nama saaxila. Yeroo haasa’anis dhiibbaa namarraan ga’a.’’ Yeroo tokko tokko sagaleewwan karaa dogoggora ta’een uumamuun ergaa sirrii hin taane dabarsuunis mudachuu mala jedha Dr Abrahaam. “Ilkanii fi foon ilkaanii irrattis miidhaa qabaata. Infekshinii uumuu danda’a,’’ jedhan. Rakkoon kun miidhaa hawaasummaa fi xiin-sammuu namarraan ga’uu danda’a.
Edoom kanaafidha kan isheen suuraashee ijoollummaa agarsiisuuf dhiphattu. Yeroo ulfaa daa’imni tokko tarsa’uu hidhii fi qoonqoo qabaachuu qorannoo altiraasaawondiin beekuun ni danda’ama. Rakkoon yoo mudatee argame wal’aanamuu danda’a jedha Dr Abrahaam. Akkuma hammeenya rakkoo Kanaan wal’aansi sadarkaa adda addaa jiraachuu hime ogeessi fayyaa kun. “Daa’imman osoo afaan hin barin dursanii yaalamuu qabu. Ji’a ja’a osoo hin guutin yoo wal’aanaman filatama. Ta’uu baanaan haasaarratti rakkoon mudannaan yoomuu hin dhaabbatu,’’ jedha. Rakkoon Kanaan walqabatee naannoo funyaanii, ilkaanii fi gurraatti miidhaan yoo mudate wal’aansa baqaqsanii yaaluu walitti fufiinsaan barbaachisuu danda’a. Yeroo rakkoon sadarkaa kanarra ga’u wal’aansa guutuu paakeejiidhaan kennuun dirqama ta’a jedha Dr Abrahaam. Dhimmi ijoon kan biraan ammoo deeggarsa xiinsammuu nama dhibamee fi maatiif kennuudha jedha Dr Abrahaam. Dhiheenya kana Hospitaalli Ispeeshaalaayizdii Alart daa’imman hidhii fi qoonqoonsaanii tarsa’ee dhalate miiliyoona 20 wal’aanuu kan danda’u giddugala tokko hundeessee eebbisiisuu ibseera. Rakkoon tarsa’uu hidhii fi qoonqoo uumamaan kan mudate yoo ta’e ittisuun hin danda’amu, yoo miidhaa naannootiin kan mudate ta’e garuu wantoota miidhaa uuman kunneen irratti hojjechuun qolachuun ni danda’ama. Dr Abrahaam shamarree wal’aane- kan fuullishee wal’aansa fayyaan jijjiiramuu isaaf ragaa barreeffamaa gaafatte irratti dabalataan yaadannoo kan biraas qabaachuu hima. '‘Kun ammoo hiriyaa kiyya kan mudateedha,’’ jechuun yaadannocha ibsuu eegale. "Haati mucaanshee erga wal’aansa baqaqsanii yaaluu argattee booda ‘mucaa kiyya ija namaa duratti hin dhiheessu’ jechaa turte.
"Haati mucaanshee erga wal’aansa baqaqsanii yaaluu argattee booda ‘mucaa kiyya ija namaa duratti hin dhiheessu’ jechaa turte. Yeroo baayyee ajjeesuuf yaaleera. Akkamitti akkan ajjeesu malaan ture. Daa’ima kiyya miidheera jechuun imimmaan dhangalaastee boosse,’’ jedhe. Ammallee hidhii Edoom irra godaannisi jira. Godaannisi kun garuu baayyee xiqqoodha. '‘Gariin ‘kufeeti moo?’ naan jedhu. Godaannisa kiyya ilaalanii,’’ jette. Isheen amma gammachuu qabdi, kan duraan of dhoksaa turte haaloo ba’uuf amma gammachuudhaan kokkofalti. Hedduu namootaa garuu wan wal’aanamanii hin fayyine itti fakkaachuun abdii kutannaadhaan jiraatu.
Vaayirasoonni dhukkuboota kana fidan Kibbaa fi Jiddugaleessa Ameerikaa, Afriikaa, Kariibiyaan fi kutaalee Eshiyaa keessatti baramoodha.
Kaansarii dhuka lafee: Gosa kaansarii mallattoonsaa dhukkubbii dugdaa ta’e beektuu? Kaansariin dhuka lafee yookin ‘Multiple myeloma’ jedhamuun beekamu gosa kaansarii dhiigaa sirna dhiigaa miidhu yoo ta’u, addumatti kalee fi lafee irratti miidhaa geessisa. Mallattoo kaansarii kanaa kan dhibeewwan biroo irraa adda baasun rakkisaadha. Dhibeen kun gosa seelii dhiiga adii kan ta’e seeliiwwan pilaazmaa kan miidhudha. Seelin dhiiga adii ammoo dhibee ittisuuf farra dhibee omishuudhan beekama. Seeliiwwan fayyaaleyyii osoo hin taane, seeliwwan badoo ta’an baay’achaa deemuun farra dhibee sirrii hin taane kan ‘Pirootin M’ yookin ‘moonokilonal pirootin’ kan jedhamuun beekamu omishuu eegalu. Isaan kun ammoo kutaalee qaamaa namaa heddu miidhu. Dhukkubsattoonni yeroo heddu mallatoon biraa osoo itti hin dhagahamin dura mallattoo dhukkubbii dugdaa gara gadii fi mallattoo walii galaa fa’aa ofirratti argu. Kun ammoo halkan iddoon ciisaa namatti mijachuu dhabuu, sochii qaamaa cimaa taasisuu yookin hojiilee guyyaa guyyaa kan biroo hojjachuu irraa dhufuu malu. Namani ganna 37 Luwiis Fernaandez mallattoodhuma kana irraa ka’uun adeemsa dheeraa booda qorannoo taasifameen gosa kaansarii dhiigaa kana ta’uu bare. "Baay’ee na dhukkubee ture, ji’a torba booda erga cabni lafee inni jalqabaa na mudateen boodan qoratame. Waa’ee dhibichaa shakkaan ture, sababni isaa ammoo intarneetii irraa waa’ee mallattoolee dhiba kanaa dubbiseen ture,” jedha Luwiis. Seelonni pilaazmaa hamma barbaadamuu ol dhuka lafee keessatti argamuu irraa kan ka’e dhibichi lafee nyaatee haphisuudhan cabuun lafee akka mudatu gochuu danda’a. Gama biraatin ammoo seelonni pilaazmaa heddu dhuka dhiigaa keessatti yeroo argaman, lakkoofsi seelota hematopo’etik jedhaman akka hir’atan gochuun kaleen akka hojii dhaabu taasisa.
Biraazil keessatti namoota kuma dhibba tokko keessaa namni afur dhibicha qaba jedhamma. Waggaatti ammoo giddu galeessan namoota haaraa 7600 tu dhibichaan qabama. Dhibeen kaansarii kun heddumminaan namoota umurii 60 olii irratti kan mul’atu ta’us dargaggoota ittis mul’ataa- jira. Biraazil addunyaa irraa biyya gosti kaansarii dhiigaa kun heddumminaan keessatti argamuudha. Jiraataa Saalvaador kan ta’e daa’imni ganna 8 Bahaayi jedhamu dhibichaan akka qabamee jira. Akkaataa Faawundeeshinii Maayiloomaa Laatin Ameerikaa (IMF) jedhutti mucaan kun ijoollee dhibichaan qabaman isa jalqabaati. Kaansarii dhuka lafee ‘Multiple myeloma’ jedhamuun beekamu qorannoo fincaanii yookin dhiigatiin baruun ni danda’ama. Mallattoon kaansarii seeliwwan dhuka lafee jaarraa 18ffaa keessa erga mul’atee kaasee ogeeyyin fayyaa waa’ee hubannoo baayolojikaalaa fi waldhaansa dhibichaa irratti tattaaffii guddaa gochaa turan. Tattaaffin kun har’a namoonni gosa kaansarii kanaan qabaman fayyummaa gaarii qabaatanii umurii dheeraa jiraachuu akka danda’an gochuun danda’ameera. Wladhaansi dhibicha fayyisu ammatti jiraachuu baatus, keeziwwan hedduuf, dhukkubsattoonni mallattoolee dhibichaa to’achuun umurii dheeraa akka isaan jiraatan kan isaan taasisu waldhaansi jira. Dhibichi sadarkaa fayyaa dhukkubsattootaa balaa irra buusu irra osoo hin gahin dursanii tarkaanfii fudhachuun barbaachisaa akka ta’e ogeeyyin fayyaa ni dubbatu. Riyoodejeneerotti pirofeesara Hemaatoolojii kan ta’an Dr. Anjeeloo Maayooliyonon, “Tokkoon tokkoo gulantaa dhibichaatif waldhaansa gosa tokko fayyadamna, garuu dhibicha turee yoo bira gahame, dhukkubsataan sun waldhaansa gulantaa duraa irraa fayyadamaa hin ta’u,” jechuun ibsu. Filannoon baramaan biraa ammoo gartuu seelii deebisanii dhaabudha.
Filannoon baramaan biraa ammoo gartuu seelii deebisanii dhaabudha. Kana gochuun dura dhukni lafee duraan ture dhukni lafee haaran akka biqilu akka taasisu gochuuf teeraappin keemooteraappii yookin carallaa hojjatamuu qaba.
Qabduu harmaa dhiphaa keewwachuun kaansarii harmaa na qabsiisaa laata? Bara 2020tti akka addunyaatti dubartoonni miiliyoona 2.3 tahan kaansarii harmaan kan qabaman yoo tahu isaan keessaa kuma 600 ol lubbuun darbeera jedha odeeffannoon Dhaabbata Fayyaa Addunyaa. Dhuma bara kanaarratti dubartoonni miiliyoona 7.8 waggaa shan darbanitti dhukkuba kanaan qabamuu isaanii baraniiru, kanaanis kaansariin harmaa gosa kaansarii akka addunyaatti namoota baayyee hubuun isa guddaa taheera. Dubartii yoo taate, umrii kamirrayyuu jiraadhu carraa kaansariidhaan qabamu qabda. Sabiibiinsaas dhukkubichi dhiirota %0.5-1 qofa kan hubu yoo tahu dhimmooti dhukkuba kanaaf akka saaxilamtu si taasisan carraa dhukkubichaan qabamuu kee harka 30 qofa waan hir'isaniifi. Kanaaf mallattoo dhukkubichaa, of-eeggannoo dursaafi yaalii dhukkubichaa baruun murteessaadha. Odeeffannoo isa sirrii, isa sirrii hin taanerraa adda baasuunis yaaddorraa si baraaruu mala. Dhimma kanarratti odeeffannoo murteessoo tahan argachuuf Yunivarsiitii Madda Walaabuu, Hospitaala Riifaraalaa Goobbaatti Ispeeshaalistii baqaqsanii yaaluufi dhimma kaansarii harmaa irratti qorannoo kan geggeessan Dr Kabbaba Baqqalatti bilbilee haasofsiiseera. Itoophiyaa keessatti haalli jireenyaa jiijjiramaa dhufuun-ulfaatinni namootaa dabaluun, alkoolii baay’inaan fayyadamuu, tamboo xuuxuufi kaanillee kaansariif saaxilamuun umrii 40 gaditti akka baay’atu gochaa jira jedhan. Kaansariin harmaa maalirraa akka dhufu beekamaa? Dr Kabbabaan kaansarii harmaas tahe gosooti kaansarii biroo qabatamaan maaltu fida kan jedhu waanti beekamu hin jiru jedhu. Kaansariin harmaa harka 85 seeliiwwan ujummoo xannacha burqisiisan (epithelium) of the ducts jedhaman keessatti biqiluu jalqabuu danda’a jedha odeeffannoo Dhaabbata Fayyaa Addunyaarraa arganne.
Dr Kabbabaan,’’seeliiwwan kaansarii kunneen seelota qaama keenyaa kaaniin addatti daddafanii baay’achaa sadarkaa to’atamuu hin dandeenyeen qaama keessatti faca’uun lubbuu dabarsuu danda’u,’’ jedhan. Dhukkubni kuni maalirraa akka nama qabu yoo hin beekamne haalota dhukkubichaaf saaxilamuu keenya dabalan maal fa’i jechuun hakimticha gaafadheera. Umurii Dhukkubni kaansarii harmaa Itoophiyaatti dubartoota umuriin isaanii 30 fi isaa ol jiran irratti baay’inaan haa mul’atuyyuu malee dubartoota umurii diigdamoota keessa jiranillee ni qabata jedhu hakiimtichi. ‘’Qorannoo kana dura taasifameen dubartoota umrii digdamaa keessa saddeet tahan irratti akka argame mirkaneeffameera,’’ jedhan Tahus garuu hamma umriin dabalaa adeeme carraan dhukkubichaaf saaxilamuu dabalaa dhufa jedhan. Odeeffannoon Dhaabbata Fayyaa Addunyaa dhukkbni kuni yeroo baayyee dubartoota umriin isaanii 40 ol jiran huba jedhus, Dr Kabbabaan, ‘’biyya keenyatti dubartoota umriin isaanii kanaa gadirra jiran irratti baay’inaan mul’achaa jira,’’ jedhaniiru. Saala Dr Kabbabaan, ‘’dubartii tahuun qofti kaansarii harmaaf baayyee nama saaxila,’’ jedhan kana jechuun garuu dhiirota hin qabatu jechuu miti jedhan. Dhibbeentaan saala dhiiraa itti qabatu garuu baayyee xiqqoo dha jedhan. Sababii saalli dubartii harka 99 kaansarii harmaaf saaxilamuu yoo ibsan,’’dubartiin harmishee yeroo marsaa laguu, ji’a, ji’aan dabalaafi hir’isaa waan adeemuuf, haala kana keessatti hormoonii istiroojinii jedhamu kan dubartii keessatti argamuuf yeroo dheeraaf waan saaxilamtuuf seeliin kaansarii kuni akka biqiluu haala mijataa uumuu mala,‘’ jedhan. Kaansariin firaan taruu mala Akka hakiimni kuni jedhanitti, ‘’kaansariin harmaa harki 20 fira irraa kan dhaalamu dha,’’ kunis haadha, obboleettii, ijoolleenillee yoo dhukkubicha qabaatan carraan saaxilamuu dabalaa adeemaa jechuu dha.
Kana malees haalota dhukkuba kanaaf saaxilan keessaa, ulfaatinni qaamaa akka malee dabaluu, alkoolii fayyadamuu, ispoortii hojjechuu dhiisuu fi yeroo dheeraa sochii malee taa’uu, harmi tokko kaansariin qabamee yaalameera taanaan, harmi inni gara biraas carraa saaxilamuusaa guddaa dha, akkasumas harma hoosisuu dhiisuun fa’i dha. ‘’Harmi koo guddaadha, kaansariif na saaxilaa laata?’’ Dr Kabbabaan, ‘’harmi guddateef qofa kaansariif hin saaxilu, xiqqaateef immoo kaansariin harmaa irratti hin bahu jechuu miti,’’ jedhan. ‘’Harmi wantoota sadii irraa uumamaa, kansariin harmaa kan irraa ka’u tishuu isa aanan burqisiisu dha malee harmi coomeef kaansariin harma qabata jechuu mitii, ‘’ jedhan. ‘’Qabduu harmaa dhippaa keewwachuun hoo?’’ Hanga ammaatti qabduu harmaa dhiphaa keewwachuurraan kaansariin harmaa nama qaba waan jedhu adda bahee waan beekame hin jiru jedhu hakimtichi. ‘’Yeroo baayyee dhukkubni kun jeneetiksii ykn qaccee sanyii irraa dhufa gatii taheef gochaa qaama isaa alaa irratti taasifamuun waan nama qabatu mitii,’’ jedhan. Kaansariin harma yoo na qabe fayyuu danda’a? Duraan dursa, kaansariin harmaa waan yaalamuufi fayyuu danda’u dha jedhu Dr Kabbabaan. Kuni garuu kan tahuu danda’u otoo dhukkubni kuni qaama keessa hin faca’in yoo yeroon bira gahame dha jedhan. Yeroodhaan bira gahuu jechuun maal akka tahe yeroo ibsanis,’’ kaansariin harmaa sadarkaa tokko hanga afurii qaba, sadarkaan tokkoffaan kaansarii kutaa harmaa biqiletti kan jiru jechuu dha.’’ Sadarkaan tokkoo fi lamma irratti yoo bira gahame kan yeroon argame jedhamuu danda’u dha. Sadarkaa sadaffaafi afraffaa irra jira taanaan immoo erga bobaa jalaafi gara sombaa fa’itti faca’ee kan bira gahamu dha,’’ jedhu.
‘’Kanaaf dubartoonni harma isaanii irratti waan akka dhiitoo wayii yoo argan mana hakiimii deemuun kaansarii tahuufi dhiisuu adda baasuu qabu,’’ jedhan. Kaansariin harmaa yeroo jalqaba bahu homaa nama hin dhukkubu gatii taheef, ‘’kuni xiqqoo dha homaa nan gootu jechuun ji’a afur turuu, achumaan qaama keessa faca’a jechuu dha,’’ ‘’Atattamaan qaama isaanii irratti akkuma arganiin mana yaalaa deemuutu irra jiraata’’ jedhaniiru hakiimni. Kaansarii harmaa yeroodhaan arguuf maal gochuun qaba? Harmi keenya kutaa qaama keenya qaqqabuu dandeenyu gatii taheef dubartoonni harkaan qaqqabuun ofirratti baruu akka danda’anis himu. Dubartoota waggaa 45 gadi jiran- umrii laguun otoo hin badiin dura jiran jechuu dha. Harmi yerootti jajjabaatuufi laaffatu jira. ‘’Laguun dhufee akkuma deemeen, ji’a,ji’aan, harma ofii harkaan sirnaan qaqqabuudhaan dhiitoon jiraachuu mirkaneessuu qabu, keessttuu namni harma guddaa gogaarra qofa yoo tuttuqe arguu dhabuu waan maluuf sirriitti keessa soquu qaba jechuu dha,’’ jedhan. Kuni warreen ammallee laguu argaa jiraniif kan hojjetu yoo tahu, warri laguu argaa hin jirre garuu,’’ji’a keessatti guyyaa murteessaanii ji’a, ji’aan sakatta’uu qabu,’’ jedhan ‘’Dhiita qaama keessatti arginaan homaa otoo hin dhukkubsatiinillee mallattooo kaansarii tahuu ijaa maluuf atattamaan gara mana yaalaa deemuu qabu,’’ jechuun hakitmichi akeekkachiisaniiru. Kana malees namoonni maatii isaanii keessaa namni dhukkuba kanaan qabame jira yoo taheefi umriin isaanii 40 ol taanaan, otoo mallattoo hin argin mana yaalaa deemuun ilaalamanii yeroodhaan bira gahuu danda’u. Kaansariin harmaa,’’yeroo baayyee mallattoo dhiita’uu otoo hin agarsiisiin qaama keessa baduu hin danda’u garuu takka takka, dhiitoon harma dhiisee bobaa jalatti bahuu waan maluuf achis sakatta’uun barbachisaa dha,’’ jedhan.
Kaansariin harmaa,’’yeroo baayyee mallattoo dhiita’uu otoo hin agarsiisiin qaama keessa baduu hin danda’u garuu takka takka, dhiitoon harma dhiisee bobaa jalatti bahuu waan maluuf achis sakatta’uun barbachisaa dha,’’ jedhan. Kaansariin harmaa yeroo jalqabu dhukkubbii hin qabu garuu yoo takkaa dhukkubuu jalqabe dhukkubbiin yeroo laguun dhufu harma irratti dhagahamu suni jiraates jiraachuu baates dhukkubuun itti fufa jechuu dha jedhan. ‘’Garummoo kaansariin qabaachuuf dhukkubbiin mallattoo isa jalqabaa miti,’’ jechuun ibsu. Kaansariin harmaa erga babal’atee yaalamee fayyuu danda’a? Kaansariin erga qaama keessatti babal’atee yaaliin garagaraa ni kennama jedhu hakiimni kuni, kanaanis namoonni dhukkubicharraa fayyan ni jiraatu garummoo hammuma sadarkaan kaansarii kanaa guddachaa fi qaama keessa babal’achaa deeme wal’aansa wal-xaxaa ni godha jedhan.
Ameerikaa Kaappitol Hill keessa jeedalli maraattuun namoota sagal ciniinte Waashingitan DCtti jeedalli maraattuun, miseensa mana mareefi gaazexeessaa dabalatee namoota sagal ciniinuushee hordofee ''haala hammeenya hin qabneen ajjeefamte.'' Buchullaan jeedala kanaa sadiis erga haati qabamtee qoratamteefi dhibee akka qabdu mirkanaa'e booda, ajjeefamaniiru. Taateen kun Kaappitol Hill keessa burjaajii kan uume oggaa tahu, aanga'oonnis jiraattonni jeedala hamaa, dhukkubsataniifi miidhaman yoo argan akka isaanitti gabaasan gaafachaa turan. Gabaasni jeedala nama ciniintu kun kan dhagahame guyyaa Wiixataarra wayita tahu, guyyaa itti aanu Poolisiin Kaappitol qabachuun qorannoo taasiseen 'rabies' akka qabdu mirkaneesse. Dhukkubni 'saree maraattee' ykn rabies, dhibee daddarbaa sirna narvii kan miidhu wayita tahu, bineensa kanaan qabameen ciniinamuun daddarba. Guyyaa Kamisaa xuuxillaan jeedala kanaas ajjeefamuu himan. Maaliif jennaan, ''tarii isaanis dhukkuba kanaaf saaxilamuu malu waan taheef,'' jedhan anga'oonni. Namoota ciniinaman keessaa tokko miseensa kongiresii Kaalifoorniyaa Ami Bera isaan tokko. Namni kun wayita waajira seeneetii tokkotti lafoon adeemaa jiranii waanti wahii isa ciniinuu hubatan, jalqabarra saree bicuu wahii itti fakkaatee ture. Associated Press'tti akka himetti, dibaabee harkaa qabuun jeedala kana loluun akka ofirraa hari'e - kunis sekoondii 15f turuu hima. Kana malees Aabba Beeraan jeedala kan suuraa kaasuun Twitter gubbaatti maxxansuu danda'eera. Gaazexeessituu Politico kan taate Ximena Bustillo namoota ciniinaman keessaa ishee biroodha. ''Weerara [koovid] ganna sadiif ture dandamadhee ka'ee, jeedala maraattuun ciniinamaa?''
''Weerara [koovid] ganna sadiif ture dandamadhee ka'ee, jeedala maraattuun ciniinamaa?'' jechuun twiit goote. Namoonni lamaan kunniin ofeeggannoof jecha talaallii walitti fufaa fudhachaa jiru. Anga'oonnis kanneen balaan irra gahe hunda dubbisaa kan jiran wayita tahu, jeedaloota fayya-qabeessa tahan irratti garuu tarkaanfii fudhachuuf karoorri qabame hinjiru jedhameera. Jeedaloota (foxes) DC keessatti arguun waan haaraa miti. Tajaajilli Paarkii Biyyoolessaa akka jedheetti, bineeyyiin kun jireenya magaalaas tahe baadiyyaatti itti baruu danda'u. Magaalattii keessa Paarkii 'National Mall' jedhamuufi siidaawwan hedduun keessatti argamanitti mandhee hedduu qabu. Gamoon Kaappitol weeraraaf jecha yeroo dheeraaf cufamee erga ture booda dhiyeenya kana irra deebiin baname.
Fayyaa፡ Sababoota dhukkuba dugdaa dargaggootaa fi furmaata isaa Lakkoofsi dargaggoota sababa dhukkuba dugdaan gara dhaabbilee fayyaa deddeebi'anii yeroo gara yeroo heddummaataa jira. Keessaahuu biyyoota guddataa jiran keessatti rakkinichi ni hammaata. Sababni maali? Furmaatni hoo? Hakiimni dhimma kanarratti dubbifne Dr Teediroos Waldagabri'eel, meedikaala direektaraa fi hogganaa kilinikoota ispeeshaalitii Paaragoon yoo ta'an, hanga PhDtti biyya Ameerikaatti Fiiziyooteeraappii, Yaala ispoortii fi Ortopeediiksii baratan. Ameerikaa keessatti waggoota 10 oliif erga hojjetanii booda gara biyyaa deebi'anii waggoota 12 darban biyya keessatti hojjetaa jiru. Yuunivarsiitii Finfinnee mana barnoota fayyaa Xiqur-Anbassaa keessatti gargaaraa pirofeesaraa Fiiziyooteeraappiiti. Dhukkubni dugdaa salphumatti maashaalee, lafeewwan, sirna narvii fi qaamolee naannoo dugdaa jiranirra miidhaa gahudha. Miidhaan kun kan yeroo ykn ammoo dhaabbii ta'uu mala. Sababoonni dhukkuba dugdaa garaa gara ta'anis, kanneen ijoon: Kan dhumaarraa haa eegallu; Sirni qaamaa dhukkuba lolu jeeqamuun dhukkubni dugdaa dhufu, qaamni namaa adeemsa dhukkuba loluu/ittisuu keessatti qaamolee kaan waan miidhuuf dhukkuba uumamuudha. Ankylosing spondylitis kan jedhamu dhukkubni kun madaa qaama keessaa uumuun yeroo dheeraaf turuu danda'a. Lafeen dugugguruu dugdaa fi walqabsiiftuuwwan lafee akka madaa'an gochuun, namni akka olii fi gadi akkasumas bitaa fi mirgatti hin jenne dhoogga. Lafeewwan kunneen walitti qabatanii akka hin sochoones godha. Sababootni kaan dhukkuba dugdaaf nu saaxiluu malan: Waan ulfaataa kaasuu: Dhukkubni dugdaa wanta nama kamuu jiruu guyyuu keessatti mudachuu danda'udha.
Wanta humna keenyaa ol ulfaatu kamuu lafaa kaasuun dhukkuba dugdaaf nama saaxiluu mala. Ulfaatina qaamaa gar-malee: Keessahuu furdinni tasa namatti dhufu dhukkuba dugdaa fiduu danda'a. Yeroo dheeraaf taa'anii, dhabbatanii ykn gadi jedhanii hojjechuu: Namoota hojii sochii qaamaa hin qabne hojjetan irratti yeroo weerara Koovid dhukkubni akkanaa hammaatee ture jedhu Dr Teediroos. Hojiin dhaabbatanii mataan gadi jedhanii hojjetan dhukkuba dugdaa hamaa namtti fiduu mala. Fakkeenyaaf hakimoonni baqaqsanii wal'aanan kanaaf saaxilamoodha. Maashinaroota ijaarsaa nama raasan konkolaachisuu፡ Maashinaroota ijaarsaa nama hurgufan ykn ammoo karaa mijataa hin taanerra yeroo dheeraaf konkolaataan imaluun dhukkuba dugdaaf nama saaxila. Sosochii utaalchoo fi fiigichaa፡ Namoonni furdinni qaamaa isaanii guddaa ta'e sosochiiwwan akka utaalchoo ykn fiigichaa yoo yaalan dugdi isaanii miidhamuu danda'a. Namoonni lafa jabaataa akka daandii asfaaltiirra fiigan wayita miilli isaanii lafarra ejjetu laftis ol waan dhiibduuf (Newton 3rd Law) dugdi isaanii miidhamuu mala. Kanatti dabalataan namoonni lafa wal qixxaataa hin taanerra fiigan miilli isaanii gaafa lafa qubatu madaalliin qaamaa isaanii waan wal gatuuf dugdi isaanii miidhamuu mala. Aluma tokkoon sochii qaamaa ulfaataa gochuu: Dargaggoota hedduu biratti sochiin ispoortii baratamaa dhufullee hedduun isaanii gosa ispoortii kam, maaliif akka hojjetan hubannoo hin qaban. Osoo qaama hin shaakalchiisiin sochii ispoortii ulfaataa gochuun dugdi isaanii miidhamee yaalaaf isaan bira kan dhufan dargaggoonni hedduun jiraachuu himu Dr Teediroos. Leenjistoonni ispoortii maallaqa xixiqqoo maamiloota isaanii irraa argatan baranii - jijjiirama qaamaa maamilli isaanii yeroo gabaabaa keessatti akka fidu qofarratti xiyyeeffatu jedhu.
Dabalataan waa'ee fayyaa hubannoo gahaa qabaachuu dhiisuu malus jedhu. Namoonni 100 yaalaa sigigaachuu diiskii barbaacha gara kilinika isaanii dhufan keessaa walakkaan rakkoon isaanii waan biriiti jedhu Dr Teediroos. Namoota 10 akkanumaan karaa irraa yaamtee osoo qorannoo MRI gooteefii 7 irratti sigiga diiskii arguu malta jedhu. Kana jechuun garuu dhukkubicha qabu jechuu miti jedhu. "Sigigaachuun diiskii mul'ateera jechuun, diiskiin bakkaa socho'eera garuu garuu narviirra ciisee sadarkaa dhukkubaarra gaheera jechuu miti" jedhan. Qorannoo jalqabaa qofaan namoota gara wal'aansa baqaqsanii wal'anuu hakimoonni ergan jiraachuu eeranii, kun garuu dogoggora jedhu. Ofii diiskiin kun maali? Eessa jira? Diiskiin lafeewwan dugugguruu dugdaa jidduutti kan argamu dhangala'aa lallaafaa kan qabuu fi akka 'shock absorber' kan tajaajiludha. Qaama keenyarratti dhiibbaan yoo hedduummaatu, dhangala'aan achi keessa jiru ni baha ykn ammoo diiskiin matuma isaatiin gara tokkootti sigigaata. Sigigaatee yoo bahu sirna narvii sammuu irraa gara qaamolee kaanii deemurra ciisuun dhiibbaa irratti uuma. Waayita diiskiin sigigaatu wal'aansa baqaqsanii hodhuutti ariifachuun dura, kallatii kamiin sigigaate?, narvii kam miidhaa jira? fi gaaffilee ijoo biroo gaafachuun murteessaa ta'uu himu Dr Teediroos. Dargaggooni hojii yeroo dheeraa dhaabbachuu ykn ta'uu barbaadu hojjetu ykn ammoo hojii waa baachuu gaafatu hojjechuun carraa dhukkuba kanaan qabamuu dabala jedhu. Dabalataan hireen ispoortii hojjechuu babal'achuun isaas sababa birooti jedhu. Faallaa kanaatiin sochii ispoortii gochuu dhabuunis dhukkuba dugdaaf nama saaxiluu akka danda'u himu. Saal-qunnamtiin saayinsiidhaan akka sababoota dhukkuba dugdaa keessaa tokko ta'eetti hin beekamu jedhu Dr Teediroos. Haata'u malee namoonni dhukkuba dugdaa qaban akkaataan saal-qunnamtii itti godhan dhukkuba itti hammeessuu danda'a ykn ammoo kan dhukkubsatanii wayyaawanitti dhukkuba kaasuu mala jedhu.
Akkatuma dhukkuba isaaniitiin akka itti saal-qunnamtii raawwatan akka jijjiiran ykn ammoo akka hin raawwanne gorfamuu malu jedhu. Akkuma dhukkuba kaanii mallattoolee salphaa fi ulfaataa ta'an qaba. Gubaa fi miira nama nyaachuu, gadi jedhanii ol jechuu dadhabuu, ol ka'uuf deeggarsa barbaaduu, maashaan suntuuruu, bakka ciisanitti garagaluu dadhabuu fi mallattooleen biroos jiru. Mallattooleen mul'atan akkaatuma ka'uumsa dhukkubichaa adda adda ta'uu malu. Fakkeenyaaf dhukkubni sababa yeroo dheeraa dhaabbachuu ykn taa'uun dhufu, teenyee turree yoo kaanu qaamni qabamuu, yoo teenyu ykn dhaabbannu miirri dhukkubaa nutti dhagaahamuu, miira dhukkubaa, waraansaa fi tasa nama butuu naannoo teessumaa namatti dhagaahamu qabaata. Miila ofii ajajachuu ykn ammoo quba ol qabuu dadhabuun dhukkubichi sadarkaa hammaataarra gahuu agarsiisa. Naannawa keenya manni yaalaa hin jiru yoo ta'e, yeroof qoricha dhukkuba namatti wayyeessu (pain killers) fudhachuun ni danda'ama. Kun garuu qorichoota kaan fudhataa hin jirru yoo ta'e ykn ammoo qoricha fudhannu waliin walitti hin bu'u yoo ta'edha. Dhukkubichi balaa tasaan kan nutti dhagaahame yoo ta'e yaala fayyaa argachuun barbaachisaadha. Suntuuruu maashaaleef ho'i faayidaa qabaachuu akkasumas boqonnaan barbaachisaa ta'uu himu Dr Teediroos. Kanaan yoo nutti wayyaa'uu dide gara ogeessa fayyaa sirnaawaa dhaquu gorsu. Yaala aadaa ykn ammoo sosochiin ispoortii ittuu dhukkuba hammeessuu danda'a. Dhukkubni dugdaa baatilee sadii ol kan lakkoofsise taanaan hammaataa ta'uu himu Dr Teediroos. Tibba dhukkubichi jalqabe, boqonnaa gochuu dabalatee qabattoon ykn sabbataan hidhachuun bu'aa qabaachuu himu.
Kun yeroo dheeraaf kan godhamu yoo ta'e garuu mataa isaatiin rakkoo fiduu mala jedhu. Maashaaleen bakka qabattoon ykn sabbataan hidhamee boqonnaa akka bahanitti lakkaa'ama. Kunis huuqqachuu maashaalee fiduu mala. Maashaan kun deeggarsa qabattoo ykn sabbataa baree ofii isaatiin hojjechuu dadhabuu mala, kunis namootni qabattoo fi sabbata irratti hirkatoo akka ta'an godha jedhu. Ogeeyyii Itoophiyaa hedduu biratti hirkoo mormaa (collar) ykn qabattoo dugda deeggaru ajajuun baratamaa dhufeera kan jedhan ogeessi kun, kun waan gorfamu miti jedhu. Kopheen fayyaa dugdaaf murteessaadha. Keessaahuu dubartootaaf. Qaamni namaa sirna ittiin madaala isaa eeggatu (center of gravity) qaba. Kophee koomee dheeraa qaban yoo hidhannu madaalliin qaamaa ni jeeqama. Qaamni keenya madaallii isaa eegachuuf yaalii godhuun dugdi miidhamuu akka malu himu. Jilbi fi qunnamsiiftuuwwan miilaas miidhamuu danda'u. Miila duwwaa ykn kophee koomee hin qabne kaawwachuun miidhaa qabaachuu baatus namoota kophee koomee qabu baraniif miila duuwwaa deemuu heddummeessuun (Bone spur) ykn biqiluu lafee itti fiduu danda'a jedhu. Firaashii gogaarra ciisuu hin gorsan Dr Teediroos. Namni firaashii boca qaama isaa eegee isa boqochiisurra ciisuu qaba jedhu. Qullaa daawwitii fuulduratti osoo if ilaallee, qaamni keenya boca (curves) ofii isaa qaba. Gaafa rafnu boci kun akkuma jirutti firaachiirra gahuu qaba jedhu. Namoonni firaashii yoo bitan irra ciisanii ilaalanii akka bitatan gorsu. Boraatiifis akkasuma. Boraatiin ulaa mataa fi morma keenya jala jiru guutuu qaba jedhu. Ulfatina qaama keenyaa to'achuun barbaachisaadha. Kun dhukkuba dugdaa qofa osoo hin taane kaan irraas nu eega. Haguma ulfaatinni qaama keenyaa kiloo tokkoon dabalu dhiibbaan jilba keenyarra gahu kiiloo afuriin dabala jedhu Dr Teediroos.
Haguma ulfaatinni qaama keenyaa kiloo tokkoon dabalu dhiibbaan jilba keenyarra gahu kiiloo afuriin dabala jedhu Dr Teediroos. Sochii ispoortii qaama keenya madaaluu fi suuta qaama barsiisaa hojjechuun bu'aa qabaachuu himu. Bishaan daakuu fi torbeetti guyyaa sadi ykn afur hanga daqiiqaa 45 miilaan deemuus gorsu. Haala hojii mijeeffachuu, kophee mijataa hidhachuu, namootni sa'aatii dheeraa dhaabbatan miila tokko waayirra kaawwatanii dhaabbachuun bu'a akka qabu himu. Kanaan ala sababoota dhukkuba dugdaa fidan kamirraayyuu of eeguun barbaachisaa ta'uu himu.
Daa’imni qorra Saayibeeriyaa keessatti gatamte lubbuun argamte Daa’imni qorra Saayibeeriyaa -20C qabbanaa'u keessatti gatamuun lafaa argamte tokko fayyaa qabaachushee qondaalonni Raashiyaa beeksiisan. Daa’ima reef dhalatte tokka dargaggootatu saanduuqa hanqaaquu keessatti ollaa Sosnoovkaa jedhamu kessatti gaafa Jimaataa arge. Dargaggoota daa’ima kana argan keessaa tokko haadhasaa waliin hospitaala geessuun nagaa tahuushee mirkaneesse. Poolisiin galmee qorannoo daa’ima ajjeesuu yaaluu jedhu banee haadha daa’ima kanaa barbaadaa jira. Dargaggoota daa’ima kana argatan keessaa haati tokkoo daa’ima kana guddifachaan fudhachuu barbaadan illee, tarii firri daa’ma kana yoo ni argamu ta'e jedhamuun eegamaa jira. Abbaan dargaggoota daa’ima kana argan keessaa kan tokkoo kan ta'an, Dimtrii Litviinoov gaazexaa Raashiyaa NGS’tti akka himaniitti, ijoolleen daa'iam tana arganis shan tahanii gaafa ayyaana Qillee Ortodoksii qilleensa fudhachuuf adeemaa turan jedhe. ‘’Guyyaan dukkanaa’ee gatii tureef ijoolleen ibsaa bilbila isaaniin daa’ima saanduuqa keessatti argan,’’ jedhan Mr Litvinoov. Saanduqa keessatti waan uffata qorraa fakkatuufi qaruuraa waliin argamte jedhan. Ilmisaanii Renat jedhamus, abbasaa Mr Litvinoov fi haadhasaa Anaa waamuun gara iddoo mucaa argataniitti erga dhaqaniin booda mucattii konkolaataan gara hospitaalaa magaalatiitti argamu akka geessan dubbata. Daa’imni erga dhalattee guyyaa sadii hin caalu jedhamte kun qorra hamaa Saayibeeriyaa irraa hafti jedhanii hin yaanne ture jedheera. Ibsi waajirri fayyaa naannichaa akka himutti, akkuma hosipitaala geesseen hakiimi ilaalee, harkaa fi miilashee sukkuumaa ho’a kennaaf ture. Daa’imi qaamnishee diimatee argamte, fayya guutuu waan qabduufi gara hospitaala daa’immaniitti dabarfamuun kunuunsi dabalataa taasifmaaf jira.
Daa’imi qaamnishee diimatee argamte, fayya guutuu waan qabduufi gara hospitaala daa’immaniitti dabarfamuun kunuunsi dabalataa taasifmaaf jira. Anaa fi hojjettoonni hospitaalaa baayyeen daa’imni fayyaa tahuushee gaafa baran akka bo’an dubbatti. Maatiin Anaa fa’i ijoollee sadii qaban daa’ima kana guddifachaan fudhachuu barbaadu. Tahus maatiin daa’ima kanaa argamuu malu jechuun eegaa jiru. Akka NGS gabaasetti yoo maatiin argamuu baatan guddifachaa warri fudhachuuf barbaadan jalqaba barnoota guddifachaa fudhachuun dura kennamu hordofuu qabu.
Ogeeyyii baqaqsanii yaaluu iddoo fedhanirraa tajaajila fayyaa kennuu danda'an Wal'aansa baqaqsanii yaaluu roobotiin gaggeessuun erga eegalee ganna dheeraan kan lakkaa’ame ta’ullee, meeshaaleen wal’aansaa kunneen kutaalee addunyaa baayyeef garmalee qaaliidha. Gatiin isaa qaala’uu qofa miti, ogeeyyii itti-fayyadama isaarratti leenji’an ni barbaachisu. Haata’u malee, otoo ispeeshaalistoonni bilbila isaaniin ykn taabileeti isaaniirraa fagoo ta'anii tajaajila baqaqsanii wal'aanuu isiniif kennaniwoo? Weerarri dhibee dhiyeenya kana mudate tajaajilli fayyaa keenya ogeeyyiin qaamaan argamanii dhukkubsataa wal’aanuurratti hangam akka hundaa’e agarsiiseera. Ogeyyiin baqaqsanii wal’aanuu hedduun Covid-19 akka hin tamsaane ittisuuf jecha qaamaan argamuurra hafuun isaanii miidhaa qaaamaa, xiinsammuufi dhiibbaa karaa dinagdee dhukkubsataa, hospitaalotaafi hawaasarraan gaheera. Rakkoon kanaaf fala barbaaduuf roobootiiwwaniin dhimma bahuun yaalii wal’aansa baqaqsanii yaaluu gochuun danda'ameera. Roobootiiwwan kuni bakka doktaroonni hin jirretti dalagu. Roobitiiwwan kunneen sirumayyuu dhukkubsataa waliin ogeeyyiin akka haasa’an (walqunnaman) gargaaraniiru. Kunis maashinni haala wal’aansi itti kennamaa jiru irra- deebiin bocaa (geeddaraa) jiraachuu agarsiisa. Ogeeyyiin gama isaanitiin jijjiramichi ittifufa jedhanii eegu. Haata’u malee, Dr Nadinii Hachaach- Haraam, waa’ee rakkoolee baqaqsanii wal’aanuun walqabatan kanneen weerara Covid -19 durallee turan ishee yaaddessu. Daa’ima wayita turte biyya waraanaan hunkuramte Libanoon keessatti kan guddatte yoo ta’u, tajaajilichi iddoo hundatti qixa akka hin kennamne ofii isheetiin argiteetti.
Yeroo ammaa kanatti namoonni biliyoona shan ta’an addunyaa keenyarratti tajaajila baqaqsanii wal’aanuu sirnaa hin argatan. Namoonni hedduun du’aatii dhibee HIV, busaafi dhukkuba sombaa walitti ida’amanii qaqqabsiisan caalaa tajaajila baqaqsanii wal’aanuu sirnaa dhabuun du’aa jiru. Kanaaf Hachaach- Haraam teeknoloojii ogeeyyiin baqaqsanii wal’aanuu koompiyuutara ykn taabileetiitti gargaaramuun karaa toora intarneetii kutaalee addunyaa garaa garaatti baqaqsanii yaalu gaggeessuu dandeessisu uumte. Tajaajilli kun dhukkubsattoota gargaaruuf sirnaan amma dura hojiirra oolera. Hiddi dhaloota maatii kooti Libanooni. Yeroo waraaanatti maatiin gara Ameerikaatti kan godaanaan. Nuti Ameerikaa Kaalofoorniyaatti dhalanne. Ganna 8 ykn 9 wayita guutu Libanoonitti deebinee hidda dhaloota fi aadaa keenyaa akka barruu maatiin keenya barbaadan jette. Haa ta’u malee, Kaalifoorniyaa aduun isheetiin beekamtuu keessaa bahanii biyya waraanaan yeroo sanatti hunkuramaa turte Libanoonitti deebi’uun laaftuu hin turre. Akka shamarree ol adeemtu tokkootti Dr Hachaach- Haraam tajaajilli baqaqsanii yaaluu wal qixaa ta'e akka hin turre adeemsa keessa hubataa akka adeemte ibsite. Tajaajilli walqixa ta'e dhabamuun kun Libaanoon qofaa otoo hin taane iddoo garaa garaa jiraachullee kaafte. Kanaaf ‘’falli nuti wixineessinu kamiyyuu wal’aansa baqaqsanii yaaluu dimokiraateessu fi iddoo murtaa’eerratti daanga’eeru hambiisuudha,'' jette. Mosaajiin baqaqsanii yaaluun ittin gaggeeffamu kun naannoo baadiyyaatti faayidaarra oolchuun akka danda’amu himti. Hospitaala kaampii badhee keessa, iddoo homtu hin jirre hanga hospitaalota jajjaboo magaalaa walakkaa jiranitti otoo hin hafiin tajaajila kennuuf akka fayyadu kaafte.
Hospitaala kaampii badhee keessa, iddoo homtu hin jirre hanga hospitaalota jajjaboo magaalaa walakkaa jiranitti otoo hin hafiin tajaajila kennuuf akka fayyadu kaafte. Ogeettiin kun akka jettutti, kutaa wal’aansi baqaqsanii yaaluu itti gaggeeffamaa jirutti waan ta’aa jiru iddoo biraa irraa hordofuun akka danda’amu kaafte. Dr Hachaach- Haraam hospitaala giddugaleessaa Landan argamutti gama toora intarneetiin bilbilte. Waan kutaa baqaqsanii wal’aanuu kutaa hospitaalicha keessatti ta’aa jiru koompiyuutara isheeerraa kallattii garaa garaatiin arguu akka dandeesse ogeeyyii hospitaalichaa wal’aansarra turanitti dubbatti. ‘’Kaameeraa to’achuu nan danda’a, achii ofirraa siqsee, ofittillee dhiyeessee ilaaluu nan danda’a. Iddoon ilaaluu barbaadurratti immoo xiyyeeffadhee guddisee ilaaluun danda’a’’ jette. Gartuu ogeeeyyii wal’aansarra jiran waliin sirnaan dubbisaa waliin hojjachuun akka danda’amu Dr Hachaach- Haraam ibsiteetti.
YouTube lakkoofsa jibbaa 'dislike' dhoksuun isaa maal fayyada? Kanaan booda fayyadamtoonni YouTube viidiyoon tokko deebii jibbaa (dislike) meeqa akka argate arguu hin danda'an. Dhaabbatichi akka jedhutti, jijjiirama kana kan taasiseef fayyadamtoonni ‘boombii jibbaa roobsuu ’(dislike bombing) irraa eeguu fi “dhiphinaa fi qaanii” namoota viidiyoo maxxansan irraa hir’isuuf jedheera. Ergaa jibbaa roobsuu ykn dislike jechuun sochii qindaa'aa namoonni viidiyoon maxxanfame akka hin ilaalamneef jecha jibbaniidha. Namoonni viidiyoo hojjatan tokko tokko sagantaa radio 1Newsbeat’tti akka himanitti, murteen YouTube kun “danuu fayiidaa hin qabu” yoo jedhan, kaan ammoo fayyaa xiinsammuu isaanii eeguu akka danda’u himu. Jijjiiramni kun sadarkaa sadarkaan hojiirra oolaa kan jiru oggaa tahu, beeksisumti YouTube oduu kana ittiin beeksise mataansaa hanga dhoksamutti jibba kuma hedduutti lakkaa'amu argateera. Namoonni viidiyoo hojjechuun maxxansan garuu, ammayyuu viidiyoon isaanii jibba meeqa akka qabu arguu danda’u. “Namoota hamoo inteerneeta irratti namoota waa uuman salphisuu barbaadanii fi jibba raabsuu hedduu ni hir’isa,” jedha raappeeriin Keenzoo Jeeyi. Biraadfoord irraa barataan yunivarsiitii umurii ganna 18 kun, YouTube irratti muuziqaa isaa beeksisa, ta’us hordoftoota 200 qofa qaba. Namoota viidiyoo uuman xixxiqqoo akka Keenzootu murtee kanaan eegama jedha YouTube. “Wanta tokko onneekee guutuun hojjatee sana boodaa, jaalalaa fi jibbi inni argatu akkati eegde ta’uu dhiisu danda’a, sun ammo onneekee cabsuu danda’a,” jedha. “Instagiraamii irratti mallattii jaallachuu irraa waanan kaaseef, namni meeqa jaallate kan jedhutti dhimma akka hin qabanneef na gargaareera,” Jalqaba wagga kanaatti YouTube lakkoofsa jibbaa dhorksuun yaalii taasisee ture, kanaanis hojii qindoominaa namoota jibba raabsanii hir’iseera jedha.
“Instagiraamii irratti mallattii jaallachuu irraa waanan kaaseef, namni meeqa jaallate kan jedhutti dhimma akka hin qabanneef na gargaareera,” Jalqaba wagga kanaatti YouTube lakkoofsa jibbaa dhorksuun yaalii taasisee ture, kanaanis hojii qindoominaa namoota jibba raabsanii hir’iseera jedha. Namootni tokko tokko ammayyuu alakkoofsa jibbaa arguu kan danda’an ta’us, YouTube mala haaraa kana suuta suutaan hojiirra olchaa jira, kanaaf kun wanta yeroo dheeraaf turu miti. ‘Mallattoon jibbaa wantoota xiyyeeffannoo argachuuf maxxanfaman dhorku’ (click bait) Fayyadamtoonni hedduun lakkoofsa jibbaa arguu dhiisuu akka hin feene himu. Chiriis Bartan, fayyadamtoonni wantoota ‘click bait’ ta’an irraa eegu jechuun lakkoofsa jibbaa arguun utuu hin badu ta’ee hawwa. “Utuu viidiyoo tokko hin daawwatani akkam akka gaarii ta’e baruu ni barbaadda,” jedha daraggeessi ganna 27, Hampishaayer irraa ta’e kun. “Yeroo hedduu mataduree ykn suuraa viidiyoo irratti dursee mul’atu amanuu hin dandeessu. Viidiyoo barumsaa jibba hedduu qabu yoo agarte akka inni si hin gargaarre barta.” Malootni ammuma YouTube namoota jibba raabsan dhorkuuf qabuun gammadaa akka ta’e hima. Yaada viidiyoo jalatti barreeffamu hunda ykn gariin dhorkuu danda’u dabalatee, malli itti lakkoofsa jaalalaa ykn jibbaa viidiyoo isaanirra jiru namootni yoo barbaadan dhooksuu akka danda’an himu. Namootni tokko tokko YouTube murtee kana kan murteesse, tarii viidiyoon jibbaa guddaa qabu kanuma YouTube ofiisaa maxxanse waan ta’eefi laata jedhu. Viidiyooon YouTube Rewind 2018 jedhu jaalala miiliyoona sadii qabatuus jibba miiliyoona 19 ol qaba. YouTube murtee kana kan fudhate sababa kanaaf miti jedha.
Dhiiga arjoomu: Baankii dhiigaa Baahirdaar kan teeknoloojiin dabalame A.L.I Hagayyi 01, 2008 Baahirdaaritti guyyoota kaanirra adda ture. Muddamni hammaatera. Guyyoota muraasaan dura mormiin mootummaa balaaleffatu Gondar ture, Baahirdaar qaqqabeera. Guyyaa saafaa ta'usaa dura kutaalee magaalichaa garaa garaatti dhukaasni dhaga'amaa ture. Abbaayi Maadoo bakka maqa Masaraa Beezaawwit jedhamutti ammoo haalli caalaa hammaachuun rasaasni kallattii garaa garaarra dhukaafama. Namoonni qaamolee nageenyaatiin ajjeefamanis turan. Namoonni miidhamanii dhaabbilee fayyaa geeffaman lakkoofsaan hedduudha. Namoota kanneen miidhaman waliin hospitaala dhaqanii turan keessaa tokko jiraaata magaalaa Baahirdaar Heenok Daanyachooti. ''Battala sanatti haqina dhiigaa guddaatu ture'' jedhe Heenok waan yeroo sana ture wayita yaadatu. Ganna keessa garuu haalichi ni geeddarama jedha. Sababni isaas barattootni yuunvarsiitii hin turre. Baankii dhiigaatiif barattootatu dhiiga gumaachuun jalqabarratti argama ture. Barattoonni yoo hin jiraanne hanqina dhiigatu jira. Keessattu wayita dhiigni baayyinaan barbaadamutti hanqinni kun mudate. ''Jiraattoonni magaalichaa muuxannoo dhiiga arjoomuu hin qaban'' jedhe Heenok. Innis akkasuma muuxannoo hin qabu. Rakkoon waan hin jijjirre qabaa jettuurree? Heenok guyyaa sana namoota miidhaman gargaaruuf jecha dhiiga arjoome. Ana qofti kenneera ni gaha hin jenne, jiraattoonni magaalichaa dhiiga akka arjooman kakaasu eegale. Bara 2012 Namoota dhiiga gumaachan barbaadu iddoo garaa garaa wayita deemu, kanneen dhiiga isaanii gumaachan ''dhiigni keenya eessa maalirra oole?'' jedhanii gaafatu jedhu Itti gaafatamaan duraanii Baankii Dhiigaa Baahirdaar Obbo Mikiruun. Sirni odeeffannoo duraan ture booddetti hafaadha, gaaffiin namoota dhiiga arjoomaniis deebii hin argatu.
Kanaafuu deebii kennuuf yaadun eegalame jedhu. Afrikaa Kibbaatti bilbiluun, Awurooppaatti adeemsa dhaamsa barreeffamaatiin deebiin kennamu jiraachuun barame. Baahidaaritti maaltu haa hojjatamu? Dhimmicharratti namoota dhiiga arjooman waliin otoo mariyatanii oggeessi Erimiyaa jedhamu tokko dhimmicharratti yaadaa akka ture Obbo Mikiruutti hime. Waliin ta'uun ragaalee garaagaraa dubbisuun qorannoonis gaggeeffame. Dhaamsa barrreeffamaa fi sirna qabiinsa odeeffannoo karaa ammayyaa diriirsuun murteeffame. Gatiin isaa garuu mi'aa ykn qaalii ture. Deeggarsa naannichaafi tola-ooltotaatiin garuu milkaa'era. ALI bara 2012tti Baankiin dhiigaa Baahirdaar dhaamsa barreeffamaafi sirna qabiinsa odeeffannoo ammayyaatti gargaaramuun Itoophiyaatti baankiiwwaan dhiigaa 40 keessaa tokkoffaa ta'e. Dhaamsi barreeffamaafi sirni qabiinsa odeeffannoo ammayyaa kan eegalame''namni dhiiga erga gumaache booda baankii dhiigaa qaqqabusaa dhaamsa barreeffamatu namoota dhiiga gumaachanitti qaqqaba'' jedhan Obbo Mikiruun. Dhaamsi barreeffama gabaabaan kan qofaaan kan daangeeffame miti. Itti aansuun gostii dhiigaa gumaachame maal akka ta'e dhaamsi barreeffama bilbila nama dhiiga gumaachetti ergama. ''Dhiigni arjoomame dhibeewwan tiruu, HIV fi dhibeeewwan daddarboo biroorra bilisa ta'uun ergam mirkanaa'e booda firiin qorannoo arjoomtooti waajira dhaqanii akka fudhatan dhaamsi isaan qaqqaba'' jedhan. Namoonni dhiiga arjooman baankii dhiigaa dhaqanii firiisaa fudhatu. Ittaansuudhaan, namoota dhiigni barbaachisuuf dhiiga kennamutu adda baafama. Sana booda baankiin dhiigaa Baahirdaar dhiiga gara dhaabbilee fayyaatti erga. Namoota dhiiga gumaachaniif immoo ''jaalamaa/tu dhiiga gumaachite [maqaa nama dhiiga gumaache], hospitaala dhiiga itti gumaachame waliin, dhiiga keetiin lubbuun nama sadii baraarameera, si galateeffanna, Baankii Dhiigaa Baahirdaar'' jedhame dhaamsi ergamaaf.
Nama dhiiga arjoome waliin dhaamsa wal geeddaruun kana qofaan kan daangeffame miti. Ji'a sadii boodammoo namni dhiiga arjoome tokko deebi'ee dhiiga arjoomu akka danda'u yaadachiisuf dhaamsi ni ergamaaf. ''Jaalatamaa/tu [dhiiga arjoomte], dhiiga erga arjoomte ji'a sadii waan guuteef deebitee arjoomuu dandeessa, galatoomaa, Baankii Dhiigaa Baahirdaar'' jedha. ''Dhaamsi barreeffamaa dhugaa dubbachuuf namoota ni dadammaksa, haala fayyaan kee irra jiru yeroo yeroon si beeksisa'' jedhe Heenok. Sirni qabiinsa odeeffannoo baankii dhiigaatiif gatii kana caalu qaba. ''Mala kanaan gosotni dhiigaa filataman qofaaf dhaamsa barreeffama erguutu danda'ama. Gosa dhiigaa kamtu iddoo kamitti akka argamu ni agarsiisa'' jedhan Obbo Mikiruun. Kana jechuun baankiichi salphaatti akka murteessuuf gargaare jira jedhan. ''11,000 irraa gara 20,000tti guddate'' Sirni haaraan kun baankii dhiigaa baayyee fayyadeera. ''Kanaan dura dhiigni dhukkubsattootaf kennamu dhiigni firoottan isaanii irraa fudhuun ture. Kaan isaanimmoo namoonni biroo akka dhiiga arjoomaniif maallaqa kaffalu. Adeemsi kun ammas kan jiru namoonni itti fakkaatu jiru'' jedhan Obbo Mikiruun. Adeemsi haaraan garuu kanarra haala adda ta'een namoonni dhiiga arjooman baankii dhiigaa akka abadatan taasisera jedhu hogganaan baankii dhiigaa kun. Dhiigni arjoomame essa akka qaqqabe beeksisuurraa kaasee, hospitaala kamitti akka ergame waan beksifamuufi jedhu. Akkuma baankii dhiigaatti arjoomtonni adeemsitti gammadaniiru. ''Dhiigni koo hospitaala kamitti akka kenname wayitan baru, dhiiga akkan kennu haamileekoo dammaqsa. Dhiiga gumaachutti dabalatan, lubbuu namoota akkan baraaru haamilee naaf kenna'' jedhe Heenok.
Bara 2011 Baaankiin Dhiigaa Baahirdaar arjoomtota dhiigaa 11,000 qaba ture. Bara sanatti dhaamsi barreeffama gabaaba ergamu hin turre. Baruma sanatti dhaamsa barreeffamaatti gargaaramuun hojiirra oole, arjoomtonni dhiigaa 20,000 ol guddate. ''Baranammoo 24,000 qaqqabeera. Arjoomtoonni dhiigaa firii qorannoo dhiigasaanii fudhatanis lakkoofsaan dabalaniiru'' jedhan Obbo Mikiruun. ''Iyyee miirakoo ibsuun ni ulfaata. Dhaamsi wayita na qaqqabu nan gammada. Kana caala waanti na gammachiisu hin jiru. Kun qabeenya ijaan mul'atuun olidha'' jedhe Henook, wayita dhaamsa lubbuu namoota sadii baraaruun isa qaqqabu ibsu. Badhaasa sadiirratti badhaasa biraa Itoophiyaatti baankoota dhiigaa 40 olitu jira. Tatullee adeemsa hojii kana hojiirra kan oolche Baankii dhiigaa Baahirdaar qofa. Magaalaa Finfinnee dabalatee baankoota kaan dhiiga sassaabuurratti %160 dursa. ''Bara darbe badhaasa sadii fudhanne,'' jedhan hogganaa baankicha.Jalqabarratti dhaabbilee mootummaafi mit-mootummaatu ''magaalichaaf waan gaarii dalgan'' jechuun hawaasni filatee badhaafame. Lammaffammoo naannichatu badhaase. Biiroon Fayyaa Naannoo Amaaraa baankichi raawwii mul'iseef naannichatu badhaase. Sadaffaammo, akka biyyatti badhaafame. Baankiiwwaan akka biyyaatti jiran keessaa sadarkaa jalqabaa argachuun badhaasa sadii gonfachuu danda'e jedhan. Sirni qabiinsa odeeffannoo fi dhaamsa ergaa gabaaba baankicha keessatti qofa hin hafne baankoota dhiigaa naannicha keessatti argaman birootti hojiirra ooluu jalqabeera. Baankoota naannichatti argaman 10 keessaa Godar,Dabra Taabor, Matammaafi Dabra Maariqoositti haalli qabiinsa odeeffannoo hojiitti hiikamuu eegaleera.
Baaankiiwwan dhiigaa naannichaatti haala kanaan erga hojiii erga jalqabanii booda sadarkaa biyyaatti bali'isuuf xiyyeeeffannoo ni kennama. Sadarkaa kanarra qaqqabuuf garuu bu'aa bahiin tureera. ''Yeroon abdii nama kutachiisan turaniiru. Namoonni waliin hojjannu otoo hin hafiin, waan hintaanedha jechaa turaniiru. Waanti abdii nama kutachiisan jiraatanilee amma as qaqqabneerra'' jedhan Obbo Mikiruun. ''Ittaansinee, Ministeerri Fayyaa sadarkaa biyyatti adeemsa hojichaa akka hojiirra oolchu barbaanna. Hoggantoonni kanaan dura waadaan seenan hojiitti hiikamee, ijaan arguu feena'' jedhan. Arjoomtota dhiigaa haaraa 150 Heenok ganna sadan darban si'a 10 ol dhiiga arjoomera. Dhiiga arjoomu addaan hin kutne. Taatullee yeroo kennuu qaburraa barfate akka beeku himeera. Arjoomni dhiigaa ta'iiwwaan yeroo kan akka injifannoo Aduwaa fi guyyaa goototaa fa'aa sababeeffachuun akka arjooomamu hime Heenok. Taateewwaan yeroo akkasiirratti namoonni dhiiga arjooman haaraan kan argaman. Heenok guyyaa dhaloota weelliftuu Ijjigaayyoo Shibaabbaa sababeffaachuun sagantaa arjooma dhiigaa qindeesseera. ''Dinqisiifattoonni weellistuu kanaa 150'n sagantaa guyyaa dhaloota isheerratti hirmaatan haaraan dhiiga arjoomaniiru'' jedhe. ''Dhiigni arjoomte eenyu bira akka qaqqabe beektaa? jechuun kan gaafatama Heenok, ''hin beeku'' jedhee deebise. Gama miidiyaa hawaasaatiin dhiiga namoonni akka gumaachan wayita kakasaa turetti namni tokko'' S'ia kudhan, kudhaan dhiiga, dhiiga kan jettan maal taatanitu'' jechuu isaa akka mudannootti kaase. Haati warraan isaa deessee jennaan, daa'imasaa haaraa dhalatteef dhiigatu kennamu barbaachisa ture. Heenokitti bilibilee hime.
Heenokitti bilibilee hime. Heenok tola-ooltota gaafachuun dhiiga barbaadamu akka argatu hubachiise. Daa'imni namtichaas ni fayyite. Namtichi sana booda bilbilee ofiisaatii akka dhiiga arjoomu jalqabu itti himuu Heenok himeera.
Daa'imni gaaf dhalattu 'hamma aappilii geessu' baatilee 13 booda hospitaalaa baate Daa'imni wayita dhalattu addunyaarraa ishee xiqqoodha jedhamte wal'aansa baatilee 13 booda hospitaalaa baateetti. Singaappooritti kan dhalatte Kuweek Yuu Shuwaan bara darbe gaaf dhalattu giraama 212 - hamma aappilii tokkoo - qofa ulfaatti ture. Dheerinni ishee ammoo seentiimeetira 24 ture. Daa'imni tokko jiddugaleessaa torbee 40tti kan dhalatu yoo ta'u, isheen torbee 25tti dhalatte. Daa'imni xiqqoon kan amma dura rikoordii qabattee turte gaafa dhalattu giraama 245 kan ulfaattu yoo taatu Ameerikaa Ayoowaatti dhalatte. Haati Yuu Shuwaan wayita ulfa baatii jahaa fi torbee tokko turte dhiibbaa dhiigaa olaanaa kan ishees daa'imashees du'aaf saaxiluu malu waan dhukkubsatteef oppireeshiniin deesse. Yuu Shuwaan amma baatilee 13 booda kiiloogiraama 6.3 ulfaatti. Daa'imti tun wayita dhalattu lubbuun jiraachuuf carraa daran dhiphaa qabdi turte jedha Hospitaalli Yuunivarsitii Biyyaalessaa Singaapoor (NUH). "Rakkoolee fayyaa wal xaxoo wayita dhalattu qabdu dandamachuun guddachuu eegalte, kanaanis namoota naannawa ishee jiran hedduutti hamilee horte. Daa'ima addaa bara Covid-19ti - abdii bara raafamaati," jedhe hospitaalichi ibsa baaseen. Daa'imti tun wayita hospitaala turte yaaliin adda addaa kennamaafi ture, meeshaa gara garaanis deeggaramaa turte. Doktoroonni ammatti fayyaan ishii haala gaariirra jira jechuun hospitaalaa akka baatu murteessan. Yuu Shuwaan ammallee dhukkuba sombaa cimaa kan qabdu yoo ta'u, hafuura baafachuuf deeggarsa barbaaddi. Doktoroonni yeroo keessa wayyaa'aa deemti jedhan. Haati ishee Woong Meeyi Liing miidiyaa Singaappooritti akka himtetti gaaf dhalattu ulfaatinni ishee naasuu itti uumee ture.
Haati ishee Woong Meeyi Liing miidiyaa Singaappooritti akka himtetti gaaf dhalattu ulfaatinni ishee naasuu itti uumee ture. Mucaan ishee angafaa kan ganna afurii yeroodhumatti nagaan ture kan dhalate. Maatiin Yuu Shuwaan baasii wal'aansaa isheef duulaan doolaara 366,884 walitti qabanii ittiin wal'aansifatan.
Wal'aansi biyyattii keessa isa jalqabaati jedhamu kun akkamiin raawwate?
Ameerikaatti namoonni 200 ol tahan dhukkuba gifira fakkaatuun qabamuun hordoffiin cime Namoonni 200 ol tahan bulchiinsota Ameerikaa 27 keessatti vaayirasii ‘monkeypox’ jedhamuun qaabamuu isaanii mirkaneessuuf hordofamaa jiru jedhan qondaalotni fayyaa. Namicha Teeksaas, dhukkuba kana Naayijeeriyaa dhaa jalqaba baatii kanaatti fidee dhufetu namoota kanatti dabarsuu hin oolle jedhaniitu sodaatan. Namni kuni Ameerikaatti vaayirasii 'monkeypox' dhaan qabamuun bara 2003 as isa jalqabaati-hospitaala kan geeffame yoo tahu haala gaarii irra jiras jedhameera. Hamma yoonaa namni haaraa qabame hin argamne. Wiirtuun To’annoo fi Ittisa Dhukkubaa Ameerikaa (CDC) imaltoonni xiyyaara irra nama kanaa waliin turan saaxilamuu maluu jechuun yaaddoo qabu ibsa. Naayijeeriyaa Legoos irraa, Atlaantaa Joorjiyaatti gaafa Adoolessa, 9 ture kana imale. Kunis Daalaas lafa yaalamaa jirutti otoo hin imaliin dura jechuu dha. Dhaabbatichi buufata xiyyaaraa waliin tahuun imaltoota nama kanaa waliin tuttuqqaa qabaataniin ‘saaxilamuu’ danda’an ni qorannaa jedheera. Haa tahu malee imaltoonni hundi maaskii keewwatanii waan turaniif carraan namatti darbuu xiqqaa dha jedhameera. Dubbii himaan CDC , ‘’ mootummaa fi dhaabota fayyaa waliin tahuun namoota saaxilamaniiru jennee yaadnu ni hordofna,’’ jedhan. ‘’Hawaasa irratti balaa inni qabaatus xiqqoo dha,’’ jedhan. Namoonni saaxilamoo dha jedhamuun hordofamaa jiran rakkoo ‘hamaaf’ kan saaxilaman miti jechuunis himu. Monkeypox dhukkuba vaayirasiin dhufu yoo tahu sanyii dhukkuba kanneen akka gifiraa (smallpox) keessaa tokko. Dhukkuba hamaa jedhamus miti. Mallattoowwan dhukkuba kanaa: · Jalqaba ho’i qaamaa dabaluu, mataa bowwaafachiisuu, qaamni dhiita’uu, dhukkubbii dugdaa, dhukkubbii maashaa fi qaamni laafuu fa’i.
Mallattoowwan dhukkuba kanaa: · Jalqaba ho’i qaamaa dabaluu, mataa bowwaafachiisuu, qaamni dhiita’uu, dhukkubbii dugdaa, dhukkubbii maashaa fi qaamni laafuu fa’i. · Yeroo ho’i qaamarraa caamu, nama hooqsisuu jalqaba, kunis fuularraa jalqabee gara kutaalee qaamaa biraatti darba, yeroo baayyee barruu harkaa fi miila jala nama hooksisa. · Akka malee erga hooksiseen booda waan akka kormammuu uumuun boodarra harca’uu jalqaba. Qaamarratti godaannisa dhiisee darbuus danda’a. Yeroo bayyee dhukkubichi salphaa yoo tahu torbee sadii keessatti ofii isaan baduu jalqaba. Akka CDC’n jedhutti dhukkubichi darbee darbee hammaataa tahuu mala, kanaanis namoota qabaman 100 keessa tokko qofatu du’uu danda’a. Dhukkubichi bara 2003tti Ameerikaatti namoota 47 qabtee ture, hantuutatu biyya biraa irraa biyyattiitti galchee jedhameera.
Daa’ima hammatanii of cinaa raffisuumoo kophaa raffisuutu gorfama? Maatiin dhimma ijoolleesaanii ilaalchisee waanti isaan yaaddeessu hedduudha. Kunis biyyaa biyyatti, aadaa, sadarkaa jiruufi sababoota birootiin gargar ta’uu mala. ‘’Daa’imnikoo kutaasaa keessa jiraa?’’ gaaffiin jedhu yaada lammiilee biyyoota lixaa keessa deddebi’udha. Dhiyeenyatti dhimmi kun geeddaramaa dhufeera. Haalli daa’imman ittiin guddisanis jijjiramaa dhufeera. Kunis biyyoota lixaa qofaa keessatti otoo hin taane, kutaalee addunyaa biroo keessattis jijjiramaa jira. Aadaa biyyoota tokko tokkoo keessatti daa’imman wajjin kutaa tokko keessa rafuun baratamaa ta’ullee, biyyoonni lixaa garuu akkaata daa’imman isaanii itti guddisan kan ofiisaanii qabu. Biyyonni lixaa sagantaa hirribaa karooraan deeggaramu amma leenjisuutti qaqqabaniiru. Tarii kunneen akka daa’imman karaa jabanaafi haaraa ta’een ittiin guddisan fakkaatee mul’achuu mala. Ameerikaafi UKtti warri ijoolleesaanii dhalatanii amma umriin isaanii ji’oota muraasa gahutti kutaa ciisichasaanii keessa akka raffisan gorfamu. Hawaasa kutaalee addunyaa biroo keessa jiraatan birattimmoo ijoolleen yeroo dheeraaf warrasaanii wajjiin bulu. Qo’annoon bara 2016 hojjatame tokko akka agarsiisutti, biyyoota Eeshiyaa hedduu keessatti maatiin yeroo dheeraaf ijoolleesaanii wajjin siree tokkorra bulu. Indiyaafi Indoonezhiyaa keessatti warri %70 ta’an, akkasuma Veetinaam keessatti warri %80 ijoolleesaanii wajjin yeroo dheeraaf siree tokkorra rafu. Afrikaatti warri daa’imman isaanii wajjiin yeroo dheeraaf siree tokkicharra rafuun hedduu baratamaa mitii jedha qorannoon kun. Kanarraa waanti hubatamu, daa’imman wayita dhalatan warri ijoolleesaanii wajjin yoo xiqqaate siree tokkorra rafuun baratamaadha.
Deebimiitaa Dutaa Inidyaa Baangilooritti hakiimaafi gorsaa dhimma guddina daa'immanii wayita ta’u, dhiibbaan aadaa biyyoota Lixaa cimaa ta’ullee, Inidiyaa keessatti warri siree tokkorra daa’imman isaanii wajjin rafuun baratamaadha jedhu. Mana ijoolleen itti heddumatan keessattillee otoo hin hafiin amma ji’a 12ffaasaaniitti daa’immaan warrasaanii wajjin akka rafan taasifamu. ‘’Siree tokkorra warri ijoolleesaanii wajjin rafuun fayidaan isaa halkan hirribaa akka hin kaaneefi warrasaanii akka hin jeeqnefi,'' jedhu Dr Deebimiitaa. Itti dabaluun akka jedhanitti, ’’mucaa durbaa amma umriin ishee ganna torba guututti siree tokkorra rafna ture, harma hodhuu erga dhiifteellee nu bira rafuu jaalatti,’’ jedhan. Ijoolleen dhalootasaaniirraa jalqabee bilisummaasaanii gonfatanii akka guddatan gochuun akka falasamaa biyyoota Lixaatti ilaalama. Sababa kanaaf warra wajjin siree tokkicharra rafuun, ijoolleen waan fedhan akka hin raawwanne taasisa jedhamee amanama. Dabalataan warri ijoolleesaanii wajjin rafu yoo ta’e, waan fedhasaanii otoo hin daangeffamiin guutamaaf jedhamee amanama. Kana jechuun guddina ijoolleerratti dhiibbaa uuma jedhu warreen biyyoota Lixaa. Dr Deebimiitaan akka jedhanittimmoo maatiin yaada kanatti hin amanan. ‘’Ofitti amanamummaa xiqqaa akka qabaataniifi bilisummaa daangaa hin qabne yoo kenniteef, yeroo fedhan maatiirraa adda bahaa adeemu, umrii guutuu warra wajjin turuus hin barbaadan,'' jedhan. Maatiin warra biyyoota Lixaa hedduun isaanii ijoolleesaanii hirriiba akka rafuu qaban barsiisurratti xiyyeeffataniiru. Ijoolleen yoo boo’anillee daa’imman boo’ichasaanii amma goolabaniitti eeguurra qaqqabaniiru.
Adeemsa kana keessatti ijoolleen sa’aatii dheeraa akka baranitu yaadama- warri ijoollees boqonnaa gahaa argatu jechuudha. Mootummaan Awustiraaliyaa giddugaleessa hirriba itti barsiisaniif deeggarsa kennullee ni jira. Warri ijoolleesaanii giddugaleessa kana qabatanii dhaqanii yeroo dheeraaf akka rafuu baran shaakalchisu. Kanaafuu, garaa garummaan aadaa biyyoota gidduu jiru ijoolleen eessaafi yoomiif akkamitti rafuu akka qaban murteessa jechuudha. Giddu-galeessa fayyaa Tookiyoo Beey Uraayasuu Hichikawaa jedhamu keessatti qo’annoon gaggeeffame akka agarsiisutti, daa’imman Jaappaan dhalatanii baatii sadii wayita guutan biyyoota Eeshiyaa biroo gadi hirriba argatu. Sababni isaammoo Jaappaan keessatti hirribni akka mallattoo hojii jibbuutti waan lakkaa’amuuf ta’uutu himama. Daa’iimman biyyoota Eeshiyaa daa’imman biyyoota Lixaa wajjin wayita madaalaman otoo hin rafiin sa’aatii dheeraa turuu danda’u. Kunimmoo warri ijoollee iddoo hojiitii wayita deebi’an yeroo kamiyyuu ijoolleesaanii wajjin akka fedhanitti waliin dabarsuu waan barbaadanifi jedhan qorannichi. UK keessatti warri ijoolleesaanii wajjin ciisicha tokko keessa akka rafanitu gorfama. Sababni isaammoo, ijoolleen kophaatti rakkoo yoo isaan mudate balaan du’a daa’imman mudachuu malu xiqqeessuuf oola. Taatullee ogeeyyiin warri ijoolleesaanii wajjiin rafuu cimsanii balaaleeffatu. Kanaaf akka sababa ijootti kan eerame immoo ijoolleen ukkaamamanii du’uu danda’u kan jedhu. Haata’u malee, dhimmicharratti qo’annoon bal’aan warri ijoolleesaanii wajjin siree tokkorra rafuun sirriidhamoo miti? kan jedhu ejjannoo tokkicha qabachuun rakkisadha jedhan ogeessi wal’aansa daa’immanii Dr Rashimii Diyaaz.
Dhimma kanarratti qo’annoon gaggeeffaman harki caalan isaanii biyyoota Lixaa keessaa ragaa sassaabaman bu’uureffatu. Biyyoota kana keeessatti aadaan ijoolleen warrasaanii wajjin siree tokkorra rafuu xiqqaadha. Gama biraatiin biyyoota galii gadaanaa qaban keessatti ijoolleen warrasaanii wajjin rafuun baratamaa ta’ullee, ijoolleen hirribarratti du’an lakkoofsi isaanii xiqqaadha. Ijoollee wajjin halkan rafuun guyyaa ijoolleen akka hin rafne gochuun warri hojiisaanii hojjataa, ijoolleesaanii wajjin yeroo gaarii akka dabarsan gargaaruu mala. Dhimmi guddisa ijoolleen walqabate ka’u kan biraan immoo ijoollee hammachuun daai’mni boo’uu dhorkaa? dhimma jedhuudha. Dhimma kanarratti qorannoo kan hojjatte Kiruudaa namni jedhamtu akka jettutti, warri ijoolleesaanii hammatanii baachuun ykn baachuu dhiisaniis boo’u hin hambisu. ‘’Daa’imman hammachufi boo’uu dhoowwuun hariiroo hin qabu. Dhimma kanatti hin amanu,'' jette. Qorannoon Kuroodaa akka agarsiisutti, ijoollee hammachuun dhahannaan onneesaanii xiqqaatu kan taasisu ta’ullee boo’uusaanii wajjin hariiroo hin qabu. Haata’u malee ijoollee hammaachuun iddoo tokkorra kan biraatti wayita dabarfaman xiyyeeffannoon isaanii waan biraarra akka ta’u wayita taasifaman boo’uu xiiqqeessuu ykn dhaabuuf carraan jira. Ijoollee wajjiin ijaan fuulaaf fuulatti wal arguun ijoolleen waanta fedhaniidha. Kana malees baatiiwwan jalqaba dhalataniitti ijoolleen soorata otoo waliirra hin cinne argachuutu gorfama. Ijoolleen halkan hirribaa dammaquun kan barame, ta’ullee aadaa biyyoota Lixaatti ijoolleen halkan dammaquun akka rakkootti ilaalama. Ijoolleen guyyaa otoo hin rafiin sa’aatii dheeraaf yoo turan, tarii halkan dammaquu dhiisuu malu jedhan.
Ijoolleen guyyaa otoo hin rafiin sa’aatii dheeraaf yoo turan, tarii halkan dammaquu dhiisuu malu jedhan. Ijoolleen halkan rafuu akka qaban kan akeeku qo’annoo bara 1950 keessaa Awurooppaatti qo’atame bu’uura godhachuuni. Qo’annoon sun akka jedhutti, magaalaa Landanitti daa’imman 160 keessaa %70’n dhalatanii baatii sadittii halkan guutuu rafu turan. Haata’u malee, qo’attoonni halkan guutuu rafu kan jedhame, ijoolleen halkan warrasaanii jeequu dhabuufi sagaleen iyyasaanii dhaga’amuu dhabuu qofaadha. Ijoolleen sun warra isaanii yoo jeequ dhabanillee yoo xiqqaate yeroo tokkoof hirriibaa dammaquun isaaanii hin hafu. Ammattis qo’annoowwaan guddisaafi haala hirriba daa’immaniirratti gaggeeffaman hawaasa addunyaa keenya muraasa qofa giddugaleessa kan godhateedha. Qo’annowwan hedduun kan hojjataman biyyoota Lixaa irratti qofaadha. Guddinni daa’immanii aadaa biyyoota garaa garaa bu’uura kan godhate ta’ullee, ijoolleen maatiisaaniirraa kunuunsaafi yeroo argachuu qabaatu.
Lola waraanaa Tigraay: Wal'aansoo ogeeyyii fayyaa namoota miidhaan saal-qunnamtii irra gahe yaalan Naannoo Tigraay bakka lolli gaggeeffamaa ture Idaagaa Haamusitti, dubartiin tokko miidhaan saal-qunnamtii erga irratti raawwatameen booda, wantoonni garaa garaa gadameessa ishee keessa kaa'amee gatamtee argamte. Shamarreen miidhamte kunis naannichatti gara kaampii loltoota Ertiraa keessa qubataniitti geeffamtee guyyaa 11f akka gudeedamte galmeen hospitaalaashee ni agarsiisa. Baatii Bitootessaa keessa gara hospitaala Addigraat yoo geeffamtuutti ''waan gadameessa ishee keessa kaa'ame yeroon baasuuf yaalu humnaa ol natti tahe,'' jedha hakiimni jalqaba dubartii kana wallaane Dr Ataakiltii Siyyuum. Kanaaf hakiimni ulfaafi gadameessaa kan biraa wallaansa yaalii baqaqsanii wal'aanuutiin waantoota gadaameessha ishee keessa ture baasaniif. Doktar Ataakiltiin garuu ''mudannoon suukanneessaa kun yoom sammuu koo keessaa akka bahu hin beeku,'' jechuun dhiibbaa xiinsammuu keessa darbaa jiru hima. Dubartiin sunis dhukkubni narvii ishee mudatee hospitaala Maqalee hordoffiin taasifamaafii jira. ''Seenaa dubartootaa miidhaan saalaa dachaa baayyee irra gahe dhagaheen manatti yeroon galu maal akkan hojjedhu, maal akkan dubbadhu hin beeku,'' jetti hospitaala rifaraalaa Ayidaritti narsii wiirtuu 'One stop' kan taate Muluun. Dubartoonni wiirtuu fayyaa kanatti keessumsiifaman seenaa wal-fakkaataa qabu. Loltoota Ertiraafi Itoophiyaatiin akka gudeedaman dubbatu. Kaan ammoo of wallaalanii waan turaniif eenyu, maal akka irraan gahe kan hinbeeknes jiru jetti Muluun. Gidiraan irra gahe itti ulfaatee uumamuu isaanii kan jibban jiru, ''kana booda namni nan barbaadu, lubbuun jiraachuu hinqabu, du'a naa wayya,'' kan jedhan lakkoofsi isaanii xiqqoo miti.
Dhukkubsattoota isaanii jajjabeessanii jireenyi haaraan akka jiru himuun abdii akka godhatan tattaafachuun itti gaafatamummaa hakiimotaa erga tahee bubbuleera. Ogeessonni fayyaa kunneen lafa meeshaaleen yaalii, qorichi fi humni namaa gahaan hin jirretti dubartootaafi shamarran gudeedaman keessummeessaa oolu. Hospitaala Addigraat keessatti waggaa tokko caalaa tajaajilaa kan ture Dr Ataakiltiin hanga yoonaatti dubartoota miidhaan saalaa irraa gahe 140 kan tahan yaaleera. Haatahu malee lakkoofsi kun dabalaa waan dhufuuf dhiibbaan qor-qalbiifi hawaasaas akkasuma dabalaa dhufuu dubbata. ''Dhimman guyyaa guyyaan dhagahu waan taheef yeroo hunda mataan na dhukkuba, nan dhiphadha, nyaata hin nyaadhu, of gateera, gammachus dhabeera jira,'' jedha. Hanga yoonaa dubartoonni 258 tahan miidhaan saalaa irra gahuu himachuun, gara hospitaala Addigraat wal'aansaaf dhufaniiru jedha. Namoota miidhaan saalaa irra gaheefi Dr Atakiltiin keessummeesse keessaa kan umuriin xiqqaa shamarree waggaa 12 yoo taatu, guddoon maanguddoo waggaa 89ti jedha. ''Baayyeen isaanii haadholiidha, haadha waggaa 70 haadha warraa qeesii, ayyoliin qorrobanillee keessa jiru. Waan irra gahe yoo himan imimmaan isaanii arguun of na jibbisiisa,'' jechuun dubbata. Magaaloota naannoo Tigraay jiran keessaa Maqaleen kan yaaliin fooyya'aa itti kennamudha. Hospitaala rifaraalaa Ayidariifi Maqaleetti miidhamtoonni iddoo garaagaraatii dhufan ni argamu. Hanga yoonaa dubartoonni miidhaan saalaa irra gahe 335 tahan gara wiirtuu hospitaala Ayidaritti argamuufi warreen miidhama akkanaa qabaniif tajaajila kennu 'one stop'tti geeffamaniiru. Kanneen keessaa 140 kan tahan ulfa sababa gudeeddii kanaan uumame baasuu kan barbaadaniidha. Kana malees dhukkuba daddarbaatiin kan qabamaniifi miidhaan qaamaafi xiinsammuu irra gahee of danda'anii socho'uu kan hindandeenye yoo dhufan, kan dursee isaaniif qaqqabu narsii Muluudha.
''Namatti dhiyaachuu hin fedhan, miidhaa irraan gaheen of jibbuu isaanii irraa kan ka'e qoricha sammuu kan fudhachuu jalqaban jiru, haala kanaan hojii gahaa tahe hojjechuunis hin danda'amu,'' jetti. ''Guyyaatti hanga dhukkubsataa 15 yerootti ilaallutu jira. Dhaabbileen fayyaa baayyeen waan saamamamiif, haalli isaan itti ulfa baasaniifi qoricha argatan hinjiru. Sababii kanaafi kan biraatiin hawaasni qalbii dhabeera, anis akkasuma,'' jetti. Waggoota lamaan darbanitti mootummaa federaalaafi TPLF gidduutti garaagarummaan siyaasaa hammaachaa dhufee Sadaasa 04, 2021 lola waraanaatti ce'e. Lola waraanaa kana hordofee namoonni 70,000 ol gara Sudaanitti baqachuu isaanii dhaabbileen gargaarsaa ni himu. Bulchiinsi yeroo Tigraay akka jedhutti, hanga ammaatti naannicha keessatti namoonni miiliyoona lamaa ol buqqa’anii kan jiran yoo ta’u, namoonni miiliyoona afurii ol ta’an ammoo gargaarsi namoomaa isaan barbaachisa. Uummanni naannichaa harka 91 tahu deeggarsi namoomaa akka isa barbaachisu Dhaabbanni Nyaataa Addunyaa yoo ibsu, mootummaafi dhaabbileen garaagaraa meeshaalee deeggarsaa dhiyeessaa jiru. Dhaabbileen mirga namoomaa idil-addunyaa, waraanni Ertiraa naannoo Tigraayitti sarbama mirgaa cimaa raawwataniiru jechuun himatu. Mootummoonni Itoophiyaafi Ertiraa yeroo dheeraaf waraana Tigraay keessatti hirmaannaa loltoota Ertiraa erga haalaa turanii booda, MM Abiy Ahimad paarlaamaatti dhiyaachuun, Ertiraan sodaa nageenyaa waan qabduuf daangaa cehuun galte jedhan. 'Duula seera kabachiisuu' jedhame kanarrattis kan hirmaatan miseensonni Raayyaa Ittisa Biyyaa, milishoonni naannoo Amaaraafi loltoonni Ertiraa yakki raawwatan yoo jiraate tarkaanfiin ni fudhatama jechuun isaanii ni yaadatama. Mootummaan Ertiraa himannaa irratti dhiyaatu kuffisaa bahus, dhiyeenya kana UNtti ambaasaaddara Ertiraa kan tahan Sofiyaa TasfaaMaariyaam waa'ee waraana biyyattii ilaalchisee yeroo duraatif ifatti deebii laatan.
''Sodaan ture garri caalu baduusaatiin, humnoota Ertiraa baasuun waraanni Itoophiyaa ammoo naannoo daangaatti akka bobba'u gochuuf, anga'oonni olaanoo Itoophiyaafi Ertiraa waliigalaniiru,'' jechuun mirkaneessan. Dhaabbileen fayyaa tajaajiloota hawaasaa naannichatti barbadaa'an keessaa tokko. Walakkaa ji'a Muddee hanga Amajjiitti Waldaan Hakiimota Daangaa Maleeyyii-MSF sakkatta'insa dhaabbilee fayyaa 106 keessatti taasiseen harka 70 kan tahan saamamaniiru, harki 30 immoo barbadaa'aniiru jechuunsaa ni yaadatama. ''Haala qorannoo dhiigaa fi fincaanii gochuufi qoricha argachuu hin dandeenyeerra geenyeerra. Dhukkubsattoonni guyyoota afuriif dabaree eeggatu. Qorichi xiqqoon warqee nutti taatee jirti,'' kan jedhu Dr Ataakiltiin, ogeessi baayyeen waan hin jirreef hojiinis ulfaataa taheera jedha. Miidhamtoonni sadarkaa jireenya gad-aanaa kan qaban yoo tahu, sababa waraana kanaan abbaa yookiin obboleessi jalaa ajjeefamaniiru. Kaan immoo dhukkuba gogaafi kalee qabu jedheera. ''Yeroo baayyee ganama gallee irbaata osoo hin nyaatiin haalli itti dabarsinu waan jiraatuuf, jireenya koo hospitaalattiin dabarsa. Iddoo fagootii waan dhufaniif dhiisnee deemuun nutti ulfaata, kanarratti immoo ni bo'u. Manatti yoon deebi'u waanan jeeqamuf hirriba hinqabu.'' Maqaleettii wiirtuun 'One Stop' jedhamu tajaajila ogessa dhimma hawaasummaa, ogeessa seeraafi hakiimaan qindaa'e kenna. Kunis dubartoonni haleellaan irra gahe qollifamuun osoo irra hingahiin akka yaalamaniif gargaareera. Haatahu malee dubartoonni baayyeen dhiibbaan aadaa waan irra jiruuf gara wiirtuulee fayyaa dhufuuf ija hin jabaatan, waan irra gahe kan dubbatanis muraasa. Muluun wiirtuun kun tajaajila humnaa olii kennaa akka jiru himti.
''Jireenya koo keessatti mudannoo hamaa akkasii argee hin beeku. Naasuu isaa hanga mana keenyaatti fudhannee deemna. Nyaati nuuf hin liqimfamu. Gatii namni baayyatuuf yeroo koomaand poostii hineegnu,'' jetteetti. Kana malees gara mana koo yoon deemu ''namoonni ani yaalaa oole, maqaa, qaamaafi gidiraa isaanii osoo hinhafiin nan yaadadha. Guyyaafi halkan na waliin jira. Gidiraan isaanii hammaatus 'nu hunda miidhe'' kan jettu Muluun, oolmaa hojiishee maatiisheetti akka hin himne dubbatti. Dr Ataakiltiin, ''dur waa'ee dhukkubsataa koo naa fayyee shaayii dhugaa odeessaan oola ture. Amma garuu dadhabaa oolus namatti hin odeessu. Miira abdii kutachuutu natti dhagahama,'' jechuun dubbata. Ogeessonni fayyaa waa'ee miira mataasaaniifi dadhabbii isaanii yaaduufi gadduuf badaa yeroo hinqaban. Akka narsii Muluun jettuutti ''yeroo ammaa akka feete dubbatanii deemuun illee hin danda'amu.'' ''Yoo dubbannes namni nu gargaaru hin jiru. Waan tokko erga darbee booda si gargaara namni sin jedhu immoo gidiraa kee sitti baay'isa. Dirqiidhuma jiraanna yoon jedhe soba miti.'' Dr Ataakiltiin ibsaafi bilbilli irra deddeebiin akka baduufi hunda caalaa bishaan jiraachuu dhabuun rakkoo guddaa itti tahuu dubbata. ''Biyyaafi uummatakoo onnee jedhuun hojjechaa jirra. Hojjannee bishaan harka keenya ittiin dhiqannullee hin argannu. Ibsaan waan baduuf daabboofi biddeen argachuun guyyaan itti hindanda'amne jira,'' jechuun dubbata. Hunda caalaa garuu ''jireenyi keenya abjuu taheera, qoricha xiqqoo argachuun, ibsaafi kaanillee argachuun abjuuma tahe.'' Waggaa 10 caalaa narsii tahuun kan tajaajilte Sistar Muluun haala rakkisaa kana keessatti waanti abdii isheef kennu jira.
Waggaa 10 caalaa narsii tahuun kan tajaajilte Sistar Muluun haala rakkisaa kana keessatti waanti abdii isheef kennu jira. Innis, ''Warreen miidhaman waan sammuu isaanii jeeqe dhufanii nu birattii yoo baafatan anaan natti salpahata. Qalbiin isaanii jeeqamee dhufanii miilaan deemuu gaafa jalqaban nan gammada,'' jetti. Hakiimonni kunneen ba'aan nu salphate jedhan kan deebi'ee itti ulfaatu, yeroo miidhamtoonni miidhaa saalaa-dubartootaafi daa'imman hospitaala isaanii dhufanidha.
Wal’aansa baqaqsanii yaaluu jijjiirraa fuulaa fi harka lamaa isa jalqabaa milkaa'e Ogeessoti fayyaa Niiw Yoork wal’aansa baqaqsanii yaaluu jijjirraa fuulaa fi harka lamaanii kan addunyaarraa isa jalqabaa tahe milkaa’inaan hojjataniiru. Wal’aansi Joo DiMeyoo ganna 22, sa'aatii 23 kan fudhate yoo ta’u gartuu ogeessotaa fayyaa 140n Hagayyaa darbe gaggeeffame. Balaa konkolaataa bara 2018tti irra ga’een DiMeyoon %80 qaama isaa gubatee ture. Quboonni harka isaas irraa cite, hidhii isaa fi gogaa ija isaas dhabeera. Wal’aansi baqaqsanii hodhuu kun “jireenyatti carraa lammaaffaa” argadheera jedheera. DiMeyoon hojii galgalaa isaa irraa gara manaa osoo konkolaachisuu mugee, konkolaataan isaa galagalee ibbiddi itti qabate. Ji’a afuriif wal’aansa qaama gubatee argachaa ture. Wal’aansa deebisanii ijaaru 20 ol kan argatee ture ta’us DiMeyoon sochii fulaa fi harka isaa murasa duwwaa qabaate. Bara 2019tti gara mana yaalaa Niw Yoork dabarfamee Hagayya keessa wal’aansa baqaqsanii hodhuu qaama jijjiirraa argate. Hogganaan wal’aansa baqaqsanii hodhuu jijjirraa Fuulaa Esuwaardo Rodrigeez “wal’aansaa qama isaa foyyeessu qofa osoo hin taane wal’aansa keessumaa harki isaa deebi’ee akka hojjetu taasisu keennuufi barbaadne,” jedhu. Wal’aansa baqaqsanii hodhuu kana booda DiMeyoon guyyotii 45 kutaa wal’aansa addaa erga turee booda ji’oota lama dabalataaf ammoo akkammiin ija isaa fi harka isaa akka fayyadamu baruuf hospitaala tureera. Kana dura wal’aansi baqaqsanii fuulaa fi harka jijjiru lama gaggeefamee kan ture ta’us lamaanuu hin milkoofne. Dhukkuubsataan tokko rakkoo wal’aansicha irratti uumameen kan lubbuun darbe yoo ta’u, tokko ammoo harki haaraan kennameef qaama isaa waliin wal simuu dhabnaan deebifamee kaafamu hospitaalichi ni hima.
Dhukkuubsataan tokko rakkoo wal’aansicha irratti uumameen kan lubbuun darbe yoo ta’u, tokko ammoo harki haaraan kennameef qaama isaa waliin wal simuu dhabnaan deebifamee kaafamu hospitaalichi ni hima. Haakimootni hospitaalicha wal’aansichi milkaa’eera jechuun dura hanga qaamni haaraa kun qaama namicha waliin wal simutti eeganiiru. Roodrigeez akka jedhutti guyyaatti ispoortii wal’aansa sa’aatii shanii kan hojjetu DiMeyoon dhukubsattoota argee beeku keessaa “dhukkubsataa haamilee cimaa” qabudha jedha. “Ispoortii irratti hojjachuu barbaasa, goolfii taphachuu jaallata, kanatti deebi’uu barbaada,” jedha. DiMeyoon amma ofiin ispoortii hojjachuu fi nyaata hojjetachuu nan danda’a jedha. “Kun kennaa jireenyaa al tokko dhufudha, maatiin nama qaama kana naaf kennee akka inni naa waliin jiraatu baranii akka tasgabbaa’aniin hawwa,” jedha. “Carraa lammataa kana argachuukootti anaa fi maatiinkoo gammadneerra.”
Hospitaalli dhuunfaa Landmark dandeettii Obbo Jawaarfaaa Qaallittiitti yaaluu hin qabnu jedhe Hospitaalli dhuunfaa Landmark dandeettii Obbo Jawaarfaaa Mana Sirreessaa Qaallittiitti yaaluu hin qabnu jechuun abukaatoo isaaniif barreesse. Guyyaa Kibxataa Manni Murtii Olaanaa Federaalaa, oliyyannoo Abbaan Alangaa Waliigalaa dhiyeesse kuffisuun tajaajilli yaalaa hospitaalichaan hidhamtootaaf kennamu bakkuma Obbo Jawaar Mahaammadfaan jiran mana sirreessaa Qaallittii keessatti akka ta'u murteesse. Obbo Jawaar Mohaammad, Obbo Baqqalaa Gaarbaafi kaan erga nyaata lagachuu eegalanii, bultiin soddoma ya dabre. Isaan keessaa Hamzaa Adaana dhukkubsatee namoota kaaniin adda baheera jedhu abukaatonni. Abukaatoo isaanii keessaa tokko kan ta’an Obbo Mohaammad Jimaa, guyyaa Kibxataa murtiin yaalaasaaniirratti erga darbeen asitti maaltu tahe jechuun BBCn gaafate. Obbo Mohaammad fayyaan Obbo Jawaar Mohaammad fa’aa haala yaaddeessaa keessa jiraachuu dubbatu. Hospitaalichi ogeeyyii kanaan dura Obbo Jawaarfaaa yaalaa turan wajjin mariyatee ture, haala fayyaan isaanii amma irra jiru fi isaan yaaluuf maaltu akka barbaachisu irratti mariyatan. Obbo Jawaar Mohaammadiifi Baqqalaa Garbaafaaa bakka jiranitti yaaluun, hospitaala haaraa mana amala sirreessaa Qaallittii keessatti ijaaruun qixa ulfaataadha, yaaluuf hin dandeenyu jedhanii nu beeksisan jedhan. ‘‘Murtiin kenname sun mirga yaala argachuu guutumaan guututti kan dhorke qofa miti, mirga lubbuun jiraachuusaanii gaaffii keessa kan galche ture,’’ jechuun abukaatoon kun komatu. Obbo Mohaammad Mana Murtii Waliigalaa Dhaddacha Ijibbaataatti dhimma yaalasaaniirratti iyyannoo dhiyeessuusaanis dubbatu. ''Abuukatoonni Jimaata falmii gaggeessine, falmicha hordofuun Dhaddachi Ijibbaataa A.L.I Guraandhala 22, bara 2013tti beellame,'' jedhan. Haala fayyaa namoota kanaas yoo dubbatan ''Obbo Jawaar Mohaammad fa’aa ammatti yaala argachaa hin jirani.
Doktoronni mana hidhaa isaan bira dhaqan, ho’a qaama isaanii safaranii deebi’u,'' jedhan. Abbaa Alangaa Federaalaa waan lama kaase. Jalqabarratti namni hidhamee mana amala sirreessaa keessa jiru hospitaala mootummaatti malee dhuunfaatti yaalamuu hin danda’u jechuun ol iyyannoo gaafatee ture. Lammaffaammoo, Hospitaala Laandmaark iddoon yaalaaf Obbo Jawaar fa’aa filatanitti jeequmsi uumamuu mala jedhe. Abukaatonni garuu yaaddoon nageenyaa jiraachuu mootummaan ragaa hin dhiyeessine jedhan. ''Abukaatonni heera mootummaan kan tumame, namni to’annoo seeraa jala jiru mirga bilisaan socho’uu daangeffame malee, mirgi yaala bilisaan argachuu hin daangeffamne jennee falmine,'' jedhan abukaaton kun. Dhimma yaala fayyaa himatamtoota kanaan walqabatee bulchaan mana sirreessaa Qaallittii Gargaaraa Komishinaraa Girmaa Adaree, mana murtiitti dhihaachuun sababa ajaja mana murtii raawwachuu dhabaniif ibsaniiru. Bulchaan kun ''sababa yaaddoo nageenyaatiin ajajni waan olirraa nuuf kennameef, akkaataa manni murtii ajajeen mana yaaala dhuunfaatti akka yaalaman gochuu hin dandeenye,'' jechuun mana murtiitti himan. Jawaar Mahaammad fi Obbo Baqqalaan hanga gaaffiin keenya deebii argatutti lagannaa nyaataa eegalle hin dhaabnu jechuu isaanii karaa abukaatoo fi paartii isaanii yeroo garagaraatti himamaa ture. ALI Ji'a Waxabajjii bara 2012 keessa ajjeechaa artiist Haacaaluu Hundeessaa booda kan qabaman Obbo Jawaar Mahaammad fi namootni galmee isaanii keessatti argaman kunneen biroon, labsii yakka shororkeessummaa ittisuu fi to'achuuf bahe, labsii burjaajii telekoomiifi seera yakkaa biyyattii keewwata garaagaraa darbuun himataman. Obbo Dajanee Guutamaa, Dr Birhaanamasqal Abbaba fi Tsaggaayee Raggaasaa namoota biyya keessa hin jirre fi galmee Obbo Jawaar Mahaammadfaa keessatti himatamanidha.
Obbo Dajanee Guutamaa, Dr Birhaanamasqal Abbaba fi Tsaggaayee Raggaasaa namoota biyya keessa hin jirre fi galmee Obbo Jawaar Mahaammadfaa keessatti himatamanidha. Galmeen himataa Obbo Jawaar Mahaammadfaa namoota 24 Mana Murtii Olaanaa Federaalaa Damee Lidataatti dhaddacha Farra Shororkaa fi yakkoota dhimma heeraa tokkoffaattin ilaalamaa jira.
Fayyaafi miidhagina: Dubartiin dogogoraan haphee fayyadamuun buqqeen mataafi rifeensi walitti dhine wallaansa argatte Dubartiin Gahanaa tokko rifeensashee akka walitti qabuuf jecha haphee ‘Gorila Glue’ jedhamu fayyadamuun rifeensiifi buqqeen mataa walitti dhinee rakkaataa akka jirtu miidiyaa hawaasaarratti torban darbe himachaa turte. Dubartiin maqaan ishee Tessica Brown jedhamtu kun waan ishee mudate viidiyoo waraabdee TikTok irratti gadhiiste. Bakka biifaa rifeensaa duraan baramee ‘Gorilla Glue’ fayyadamnaan rifeensi mataakoo walitti gogee hafe jechuun ibsite. Hapheen ‘Gorila Glue’ jedhamu kun yeroo baayyee seraamikii, mukaafi dhakaa hafame walitti qabsiisuuf gargaara. Ogeessi dubartii Aadde Tessica Brown jedhamtu kana erga mudannoo ishee kanarratti viidiyoo gadhiiste argee gadduufiin akka bilisaan wallaansa taasisuuf waadaa galuun isaa ni yaadtama. Ogeessi fayyaa US hiddi dhaloota isaa Gahanaa ta'e kun haaluma waadaa galeefiin haphee mukaafi seraamika walqabsiisuuf gargaaru kana mataa dubartii kanarraa qulqulleesseeraaf. Dr Mikaa'el Obeeng wallaansa kana milkaa'inaan zumuruudhaaf saatii afur itti fudhate. Tilmaamni baasii isaas dolaara 12,000 ta'a jedhameera. Dr. Mikaa’el Obeeng viidiyoo seenaa dubartii rifeensa miidhagfachuuf jecha waan hin taane fayyadamte kanaa argee hedduu qalbiikoo na qabate jechuun buufata TV Los Anjeles CBSNtti hime ture. Viidiyoo gadhiifte sana keessatti Aadde Tessica Brown rakkoon erga ishee mudatee ji’arra kan darbe yoo ta’u, haphee sana ofirraa balleessuuf waan baayyee dhamaatus hin milkoofne. “Wanti kun dhugaa akka ta’e yeroon argetti, wanti gochuun danda’amu akka namaatti Tessica ‘tiif gara laafina agarsiisuudha,” jedhe Dr. Obeng.
“Wanti kun dhugaa akka ta’e yeroon argetti, wanti gochuun danda’amu akka namaatti Tessica ‘tiif gara laafina agarsiisuudha,” jedhe Dr. Obeng. Ogeessi fayyaa kun mala ittiin isheen wallaanamuu dandeessu barbaadaa akka jiran himuun, rakkoo ishee kanaaf addatti fala kan ta’u ni qabna jedhees ture. “Akka dhukkubiin tokkollee itti hin dhaga’amnetti mala adoochaa waliigalaatiin hojjetama.” Dr. Obeng dubartii kanatti kan dubbate yoo ta’u haphee mataasheerratti goge kana irraa balleessuudhaan rifeensiifi mataanshee akka oolu taasisuudhaaf karoorfataa turan. Kunis kan raawwatamu keemikaala wallaansaa addaatiin jedhe.
Teeknolojiifi waraana: Firaans qorannoo 'gahumsa loltoota ishee fooyyessu' eegaluufi Humni waraanaa Firaans akka itti 'loltoota gahumsi isaanii fooyya'e' horachuu danda'u irratti qorannoo akka eegalu hayyamni kennameefii jira. Gabaasni haaraan biyyattiin baaste fuulduraaf wantoota qaama loltootaa keessa awwaalamuu fi teekinooloojiiwwan kaan fayyadamuun dirree lolaa irratti loltoota gahumsa addaa qaban uumuuf haala mijeessa. Biyyoonni kaan carraalee akkasii habuuraa jiru, Firaans illee kana gochuu qabdi jedha gabaasichi. Ministirri Ittisaa Filoorans barbachisummaa dhimma kanaa cimsitee dubbatte Dubbii torbee darbe dubbatteen Firaans teekinooloojii akkanaa gabbisuuf ammatti karoora hin qabdu turte jette. "Haa ta'u malee waan as deemaa jiruuf qophaa'uun barbaachisaadha," jette. "Duudhaalee keenya osoo hin gatiin haala olaantummaa waraana keenya eegsifnu, mala dhahuun barbaachisaadha" jette. Dhimma kanarratti koreen naamusaa waraana biyyattii Dilbata darbe gabaasa baase. "Dhalli namaa yeroo dheeraaf akkaataa dirree lolaa irratti gahumsa qaamaa fi sammuu gabbifatu fala dhahaa ture," jedha gabaasichi. "Bu'aan kanaas qaama loltootaa keessa waan gahumsa isaanii fooyyessu galchuudha" jedha. Gabaasichi waan qaama loltootaa keessa awwaalamu kan gahumsa kutaa sammuu gara fuula duraa ykn serebiramii fooyyessu yoo ta'u, kun loltooti diina akka adda baafatan gargaara jedhame. Dabalataan ajajoonni isaanii bakka loltoonni jiran akka baranii fi fayyummaa isaanii irratti ragaalee akka argatan gargaara jedhameera. Kuni wayita hojjetamu naamusa loltummaa eeguun daran barbaachisaa ta'uu eereera gabaasichi. Sanyii namaa fooyyessuu fi jijjiiruun gonkumaa dhorkamuu qaba, ammoo waan loltuun sun wayita hawaasatti deebi'ee makamu namooma isaa hin jeeqne ta'uu qabas jedha.
Sanyii namaa fooyyessuu fi jijjiiruun gonkumaa dhorkamuu qaba, ammoo waan loltuun sun wayita hawaasatti deebi'ee makamu namooma isaa hin jeeqne ta'uu qabas jedha. Waraanaan alatti waan sammuu namaa fooyyessu qaama keessa awwaaluun baratamaa jira jedhan Aadde Filoorans. Baruma kana keessa booyyeen kompitara hanga saantimaa gahu sammuu keessaa qabdu gameessa teekinoolojii Eloon Maskiin ifa taatee turte. Kunis sammuufi maashiniin waliin akka hojjetu agarsiisuuf yaadamee kan kalaqamedha.
Naannoo Amaaraatti ji'oota sadan darban namoonni 100,000 busaan qabaman Naannoo Amaaraatti Adoolessa darberraa eegalee hanga ammaatti namoonni 100,000 ta'an dhibee busaatiin qabamuu qondaaltonni fayyaa naannochaa himaniiru. Jiraataa Godina Goojjaam Dhihaa, Ganda Wuhaa kan ta'an Obbo Habtaamuu Hayilee torbanoota darban keessa, namoonni busaa dhukkubsatan lakkoofsi isaanii dabalaa dhufeera jedhu. ''Lakkoofsi isaanii dabaleera. Yeroo hunda waqtii kana lakkoofsi namoota busaa dhukkubsatanii ni dabala. Kana ammaa garuu akkaataa kanaan dura dabalee hin beekneen dabalaa jira,'' jedhan. ''Homaa sababiin addaa hin jiru. Bara kana keemikaalas ta'e agoobarri hawaasaaf qoodameera. Wanti xiqqoo adda godhu barana roobni dabaleera. Kun dhukkuba busaa babal'iseera,'' jedhan jiraataan kun. Obbo Habtaamuun naannoosaaniitti namni busaan qabame heddummaachuu himanis, sababa kanaan namni du'e akka hin jirres dubbataniiru. Akkaataa itti fayyadama agoobaraa irratti barnoonni hubannoosaanii cimsu kennamaafii akka jiruu fi ogeeyyiin dhukkuba busaa irratti hojjetan naannawa isaaniitti ramadamanii tajaajila kennaa jiraachuu dubbatan. Naannawa kanatti dhibeen busaa akkaan dabalaa jiraachuu Hooggantuun Eegumsaa Fayyaa naannawa kanaa Yashiharag Ayyaanoo BBC'tti himaniiru. Torbee gara torbeetti namoonni busaa dhukkubsatan dabalaa jiraachuu kan himan hooggantuun kun naannoo tokko tokkotti ammoo haala yaaddessaa ta'een dabalaa jiraachuu dubbatan. Naannawa sanatti hojjettoota guyyaa dabalatee namoonni hedduun haaraa busaan kan qabaman ta'uu eeran. Keemikaala biifuun ga'aa ta'uu baatus torbanoota muraasa darbanii as tajaajilli kun hawaasaaf kennamaa jiraachuun dubbatan. Sababa roobaatiin lolaa kuufame balleessuu fi boolla lolaa duuchuu akkasumas zayitii gubataa fayyadamuun bookee busaa ittisaa jiraachuus himan.
Sababa roobaatiin lolaa kuufame balleessuu fi boolla lolaa duuchuu akkasumas zayitii gubataa fayyadamuun bookee busaa ittisaa jiraachuus himan. Inistitiyuutii Fayyaa Hawaasaa Naannoo Amaaraatti Qindeessaan sagantaa Ittisa Dhukkuba Busaa Maastawaal Worquu, dhukkubi busaa dabaluun yaaddoo uumaa jira jedhan. Fulbaanarraa eegalee hanga Sadaasaatti dhukkubi busaa dabaluun waan baratameedha kan jedhan qondaalli kun roobi baranaa, itti fayyadama agoobaraa irratti hubannoon hawaasaa laafaa ta'uu fi xiyyeeffannoon koronaavaayirasii irra ta'uun lakkoofsi kun akka dabalu sababa ta'eera jedhan. Akka ragaa Inistitiyuutii Fayyaa Hawaasaa Naannoo Amaaraatti lakkoofsi namoota busaan qabamanii bara 2012 keessa kan bara 2011, harka 66'n caaleera. Ji'oota sadan darban, jechuunis Adoolessarraa kaasee ammoo kan bara darbe ji'oota wal-fakkaataniin wal-bira qabamee yoo ilaalamu dhibbeentaa afuriin dabaleera jedhan Aadde Maastawaal. Naannichatti harmootii garaatti baatanii fi namoonni umriinsaanii waggaa 15 ol ta'etu dhibee kanaaf daran saaxilamaara kan jedhan Aadde Maastawaal, ji'oota sadan darban keessa namoonni kuma 100 caalan qabamuu ibsan. Kutaaleeen akka Gondar Kibbaa fi Dhihaa, Goojjam Bahaa fi Dhihaa akkasumas Awwii fi magaalaan Baahardaar, iddoowwan dhibee kanaan daran miidhamaniidha. Hanqinni agoobaraa fi keemikaalaa jiraachuu kan eeran Aadde Maastawaal keemikaalli iddoowwan biifamuu qabuttillee hin biifamne jedhan.
Dubartiin summii xalayaa keessa galchuun Tiraampitti erguun shakkamte hidhamte Dubartiin xalayaa summii firii qobboorraa qopha’u raayisiin jedhamu gara pirezidantii Ameerikaa Doonaald Tiraampitti erguun shakkamte to'atamuu qondaaltonni dhimma godaansaa Ameerikaa himan. Dubartiin maqaan ishii ammatti hin ibsamne kun biyya ollaa Kanaadaarraa qawwee qabattee gara US Ameerikaatti qaxxaamuraa turte. Xalayaan summii qaba jedhame amanamu kana dura Kanaadaarra erguuu ishii qorattoonni himaniiru. Ta’us otoo masaraa Waayit Haawus hin qaqqabiin torban darbe argame. Raayisin summii umamaan biqiltuu qobboo keessatti argamudha. Summiin ergame akka aggaammii Waayit Haawusirratti xiyyeeffatetti fudhatame. Dhimma kana ilaalchise gabaasicharratti Waayit Haawus waan dubbate hin qabu. Biiroon qorannoo Federaalaa (FBI) fi tika biyyattii summii waraqaan haguugame ergame qorachaa akka jiran ibsaniiru. ‘’Ammatti nageenya hawaasaa waanti balaarra buusuu/yaaddoo uumu hin jiru ‘’jechuun FBI Sambata CNN tti himeera. Summiin biqiltuu qobboo ta'uu isaa qorannoo irra deddeebiin taasifameen mirkana’e jedhu qondaaltonni biyyatti. Dubartiin xalayaa kana erguun shakkamte iddoowwan shan Teksaas keessatti argaman dabalatee, waajira qaamolee seera raawwachisaan biroottis erguu poolisiin mirkaneesseera. Dhimma kana qorachuurratti poolisiin Kanaadaas FBI wajjin akka hojjatu Sambata ibse. Kana malees, poolisoonni Qubeek mana jireenyaa shakkamtuu kanaa Montiriili, Seent –Hubertitti argamu barbaadaa jiru. Dippaartimantiin poolisii Teksaas AP'tti akka himanitti namni sababa kanaan miidhame akka hin jirre ibsuun, xalayaan sun qondaaltota naannichaa bira akka jiru ibse. Dubartiin xalayicha erguun shakkamte mana murtii Bufaloo, Niwuyorkitti boru dhiyaachuuf jirti.
Dubartiin xalayicha erguun shakkamte mana murtii Bufaloo, Niwuyorkitti boru dhiyaachuuf jirti. Raayisin qabiyyee yoo liqimsan ykn qilleensa wajjin qaama nama seene ykn lilmoon waraannatan nama hoqqisiisuu, qaama keessatti dhiigni akka dhangala’uu taasisuu amma qaama namaa hojii dhaabsisee du’aaf nama saaxiluu danda’a. Keemikaalli farra summii raayisin garuu hin jiru. Namni raayisiniif saaxilame hamma qabiyyee qaamasaa seeneerratti hundaa’uun sa’aatii 36 amma 72 du’a akka giddugalessi ittisaa fi to’annoo dhibee Ameerikaa(CDC) ibsutti. Jaarmiyaan kun akka jedhutti, summiin kun haleellaa shororkeessummaa qaqqabsiisuuf akka daakuu ykn hurka xiqqaaatti qophaa’uu akka danda’ullee ibseera. Masaraa Waayit Haawus fi biiroon federaalaa biyyatti summii haleeluuf kanaan durallee yaalama tureera. Bara 2014 Misiisippiirraa namtichi summii raayisin gara pirezidantii duraanii Ameerikaa Baaraak Obaamaatti bifa daakuu/ dhukkee qabuun erge waggaa 25 hidhaa akka turuu itti murameera. Bara 2018 loltoonni humna galaanaarraa Ameerikaa xalayaa summiin haguugamte Peentaagoon fi masaraa Waayit Haawusitti erguun himatamaniiru.
Hanga yoonaa kondomiiwwan akkasii meeqee akka gurguraman waan beekame hin jiru.
‘Rakkoo fayyaarraa kan ka'e waggaa lamaaf nyaadhee hin beeku’ Namni osoo waa hin nyaatiin guyyaa meeqaaf turuu danda'a? Bishaan osoo hin dhugiinoo? Isin osoo hin nyaatiin ykn hin dhugiin saatii meeqa ykn guyyaa meeqa turuu dandeessu? Dubartiin tokko garuu osoo nyaanniifi dhugaatiin karaa afaan ishee hin darbiin waggaa lama akka geesseettu dubbatti. Fernaandaa Maartinez lammiin Biraazil umriin ishee ganna 22 taatedha. Dhibee sirna bull’iinsa soorata hedduu miidhuu Iliirs-Danlos Sandirom(Ehlers-Danlos syndromes) jedhamuun rakkachaa jirti. Rakkoo guddaa Fernaandaan qabdu nyaachuufi dhuguu dadhabuudha. Wallaansoon jireenyaa keessa jirtu maal akka fakkaatu namoota ni fayyada jettee waan amantuuf seenaa ishee qooduu jaallatti. Keessumaa, kanneen dhukkubsatanii rakkina keessa jiran ni deeggara jetti amanti waan ta'eef mudannoo qabdu himuun ni beekamti. Fernaandaan miidiyaa hawaasarratti maalummaa rakkoo qaccee-sanyii (gene) irraaa dhufu waggoota lamaaf ‘soorachuu’ ishii dhorkee kana namootaa biroof ibsiti. Fernandaa Martinez rakkoo Danlos Sandirom irraan gaheen qaamni ishee bulleessuu dadhabnaan meeshaa soorata argachuu ishee gargaarutti bara 2018 irraa eegalte itti dhimma bahuu eegalte. Kana malees kaansarii taayiroodii qabamtee turte. Maatiin ishees gosa kaansarii kanatu itti marmaara. Fernaandaa waan tokko murteessite. Addunyaan rakkooshee akka hubatee deeggaruuf yaaddeetu, miidiyaalee hawaasarratti haala keessa jirtu barreessitee maxxansiti. Namoota kuma dhiibbaan lakka’aman toora miidiyaa hawaasaa gubbaatti qabduun akka itti dhibee namoota muraasarratti mul’atu kana wajjin jiraattu ibsiti. Akkaata isheen itti ibsitullee namoota hedduutu jaalata. Namoonni hedduun akkaatan itti jiraadhuu wayita hubataniitti dhaamsa na jajjabeessu hedduu naaf ergu jettee BBCtti himte.
Dhibeen qaccee sanyiin walqabatu miidhuu Iliirs-Danlos Sandirom(Ehlers-Danlos syndromes) kun pirootiiniin kollajiin jedhaman qaama keessatti akka heddummatu taasisa. Kunimmoo sirna bulla’iinsa soorata miidha. Kollajiin pirootinii akka lafee, gogaan qaamaafi kanneen biroos caaseffama isaaniif barbaachisa. Iliirs-Danlos Sandirom gosoota 13 kan qabu wayita ta’u, addunyaarratti namoota 5,000 ta’an miidhe, akka gartuu hawaasa Danlos Sandirom himanitti. Fernandaan ijoollummaa jalqabdee mallattoolee muraasni irratti mul’achuu himti. Ijoollee ta’een miilaafi harki koo na madaa’a, gurri koo tokko hin dhaga’u. Ijjoolluummaarraa kaasee buusaan lafeen amma barame ol akka dhifaman/socho’u argite. Boodarra garuu Danlos Sandirom wajjiin akka hidhata qabu ogeeeyyiirraa mirkaneeffatte. Ammuma umriin ishee dabalaa adeemu rakkoon fayyaa ishii mudates wal xaxaa deeme. Buusaan qaamashii madaa’e ishii rakkisa ture. Kunis rakkoo daaysatonomiyaa jedhamuun walqabata. Sababii kanaaf sirni narvii ishee hojiiwwan onneefi mar’imaanii wal madaalchisuu hin danda’uu jechuudha. Kana qofas miti, Fernandaan baasaa, haqqeefi garaachatu dhukkubee rakkisa. Buusaafi qaamoonni ishii biroon laafuun salphaatti akka caccabuu danda’an dubbatti. "Ta’us, anii nyaachuus, dhuguus hin danda’u," jetti. Sababa kanaaf qaamniifi maashaleen koo laafaniiru, miidhamaniiru jette. Beela’uufi dhiisuun sochii garaachaarratti waan hundaa’uuf yeroo dheeraaf beelli natti hin dhaga’amu, qaamni koos kanarra dalaguu hin danda’u jette. Yeroo tokko tokko fedhii soorachuu horadheetan, soorata alanfadheen otoo hin liqimsiin tufa jetti.
Gaafa haati koo laaqana nyaattu akka qophaa hin taane jedheen alanfadhee guyyootan tufe jira. Fernaandaan bara 2016 irraa jalqabdeeti soorachuu dadhabuudhaan kan wallaansootti seente. Bara 2018 irraa jalqabuun garuu ujummoo sooruuf ishee tajaajilutti gargaaramuuf dirqamte. ‘’Waggaa tokkoof walakkaa booda garuu qaamni koo soorata karaa meeshaa kana dhiyaatu xuuxu dide’ Bara darbe kana hanqina soorataa ishi mudate sirreeessuun hakimootatu deeggare. Kibba Biraazil keessa haadhaafi akkawoo ishii wajjin kan jiraattu Fernaandan, narsoota lamatu manatti idileen kunuunsa. Sa’aatii 12 keessatti yeroo tokko sooranni kun meeshaadhaan kennamaaf. Akkamitti dhaqna dhiqatti? Fernaandan alarjii bishaanii qabdi, qaamni ishee bishaan hin jaalatu. Fernaandaan ‘’amma danda’ametti bishaan hin tuqxu, akka hin dafqinellee ofii to’achuufin yaala,’’ jette. Lafa bishaan daakamu hin dhaqu, bokkaan keessa hin gahu jette. Haata’u malee, qoricha farra alarjii erga fudhatte, torbanitti yeroo lama dhaqna dhiqatti. Ta’us dhaqnatu hooksisa, dhaqni koo diimatee, natti yaa’a. Qaamni koo akka waan lilmoo kumataan waraanameetti diddimatee madaa’a. Iliirs- Danlos Sandirom fayyisuun danda’aa? Amma yoonaatti fayyisuun hin danda’amne. Buusaan qaama ishee akka caalaatti hin madoofneef fiziyoo-teeraappiin akka to’atamu dubbatti. Haata’u malee, rakkoo garaachaafi mar’imaan ishii mudate dhaabuun waan hin danda’amneef, soorata karaa meeshaa deeggarsaa kanaan umrii ishee guutuu, amma lubbuun jirtutti fudhachuuf dirqamti. Haala hamtuu akkasii keessa jiraattus Fernaandaan, ‘’haalan keessa jirutti ilaalee of jibbee hin beeku, irraan barachuuf yaala’’ jetti.
Haala hamtuu akkasii keessa jiraattus Fernaandaan, ‘’haalan keessa jirutti ilaalee of jibbee hin beeku, irraan barachuuf yaala’’ jetti. Hakiimonni ishii gargaaran hedduun akka waa’ee qorichaa akkan jaaladhu na taasisan, kanaafuu waa’ee qorichaa qorachuufin karoorfadhe jetti. ‘’Ammasitti dhibeewwan namoota lakkoofsaan baayyee muraasarratti mul’atan galmeesseen namoota yaalamu barbaadan deeggara. Namoonni waa’ee dhibichaa akka hubatan deeggaruun fedha. Nama tokkichalle yoo ta’e jetti. Midiyaa hawaasarratti waanti hojjadhu dhibichi yeroo koo hundumaa akka narraa hin fudhanne agarsiistudha. Namoota dhibee kanaan qabaman yeroosaanii harka 99 dhibichatu dhuunfata, harka tokko haftemmoo hawwii, gammaachuufi fedhiitu jireenya keenya fudhata jette. Galmi koos, harki tokkittin hafte kun baay’ee barbaachistuu ta’uu namootatti agarsiisuudha jette Fernaandaan.
Fayyaa: Weerarri gifiraa baatii afran darban keessa naannolee biyyattii hunda waliin gahe Weearari dhukkuba gifiraa baatiiwwan afur darban keessa guutuu biyyattii keessatti mullachuu Ministeerri Fayyaa Itoophyaa beeksiise. Ibsa kaleessa midiyaalee biyya keessaatiif kenanniin Minitirri Ministeerichaa Dr Liyaa Taaddassaa, weerarri gifiraa sababiiwwan adda addaatiin walqabtee biyyattii keessatti bal'inaan mudateera jedhan. Dr Liyaan weerarri gifiraa kunis rakkina 'waajira ministeerichaaf qormaata ta'e' ture jechuun ibsanii, baatiiwwan darban afraniif ammoo sababiiwwan adda addaatiin wal qabatee talaallii kennuun qabbanaa'ee akka ture himan. Kanneen weerara gifiraa kanaan garmalee miidhamanis daa'imman umuriin isaanii waggaa shanii gadi ta'eedha kan jedhan Dr Liyaan, isaan keessaas walakkaa ol kan ta'an daa'imman talaallii hin fudhatiin ta'uu himaniiru. Babal'achuu weerara gifiraa naannoolee hunda keessatti mudatee kanaafis sababiin hanqina hubannoofi hanqina tajaajilaatiin wal qabtee talaallii idilee osoo hin fudhatiin hafuu akka adda duraatti himan. Lakkoofsi daa'imman talaallii fudhachuu eegalanii jidduun dhaabanii hedduu ta'usaa himnii, akkasumas talaaliiwwan marsaa lammaffaa dabalataa daa'imman baatii sagaliifi waggaafi baatii sadi irratti fudhachuu qaban dhiisuun weerarri gifiraa kun akka babalu gumaacheera jedhan. Keessattuu wayita ammaa kanatti, weerara koronaavaayirasiitiin walqabatee lakkoofsi namoonni tajaajila wallaansa fayyaa idilee barbaachuuf gara dhaabbilee fayyaa deemanii gadii bu'eera jedhan Dr Liyaa. Haalli kunsi weerarri gifiraa kun akka babalatuuf gumaacha taasiseera jedhu. Talaalliin gifiraas torban darbeerraa kaasee haala dulaatiin naannoolee hunda keessatti kennamuu eegalusaas Ministirri fayyaa dabaluun himaniiru.
Talaalliin gifiraas torban darbeerraa kaasee haala dulaatiin naannoolee hunda keessatti kennamuu eegalusaas Ministirri fayyaa dabaluun himaniiru. Hanga ammaatti daa'imman miliyoona 5.1 talaalamusaanii kan dubbatan Dr Liyaan, haata'u malee tasgabbii dhabiinsa torban darbee keessa tureen walqabatee naannoon talaalliin itti kennamu hin eegalamiin jiraachuu himu. Kanaafuu, bakkeewwan akkanaattis dhiheenyatti talaallicha kennuun ni eegalama jedhan. Kana malees. daa'imman umuriinsaanii baatii sagalii kaasee argamu, talaalicha kana dura fudhataniis fudhachuu baatanis amma kan talaalaman ta'uus himan.
Koronavaayirasii: Ameerikaatti haati ijoollee ishee sadii waliin Covid - 19'n duute Ameerikaa kutaa biyyaa Niiw Jeersiitti maatii tokko keessaa haatii fi ijoolleen sadii Covid - 19'n yoo du'an, miseensotni maati kanaa kan biroon sadii ammoo vaayirasichumaan qabamanii hospitaala jiru. Haatii ganna 73 fi ijoolleen ishee gaheessota ta'an jaha qophii maatii walitti fide tokkorratti erga hirmaatanii booda dhukkubsatan. Miseensota maatii kanaa du'aniifi kanneen yaalarra jiraniin dabalataan 20 kan ta'an ammoo of qoodanii vaayirasichaan qabamuu isaanii baruuf eegaa jiru. Namoonni akka walitti hin qabamne ogeessonni fayyaa gorsaa kana jiran ta'us Ameerikaa keessatti lakkoofsi namoota Covid - 19'n du'an dabalaa jira. Maatii Girees Fuskoo keessaa kan jalqaba lubbuun dabarte mucaa isaanii ganna 55 yoo ta'u rakkoo fayyaa biroo hin qabdu turte jedhu ogeeyyiin fayyaa. Barsiistuun mana barnootaa Kaatolikii kun Jimaata duute achiis obboleessi ishee Roobii darbe du'e. Sa'aatiiwwan muraas booda ammoo harmeen isaanii boqotte. Akka Niw Yoork Taayims gabaasetti Girees Fusko haatii ijoollee kanaa yoo lubbuun dabartu, du'a ijoollee ishee lamaa hin dhageenye. Guyyaa Kamisaa ammoo ilmi dhiiraa biroon hospitaaluma haati isaa yaalamaa turtetti yaalarra ture lubbuun darbe. Fira maatii kanaa kan taate namni Paradiso Fodera jedhamtu firri maatii kana waliin qophiii tokkorra ture bu'aa qoranno isaa beekuuf of qoodee jira. Bu'aan qorannoos torbee tokkoo ol tureera jetti. Atileetotaafi namoota bebbeekamoo mallattoo homaa hin agarsiifneef dursa kennuu caala maatii vaayirasichaan faaalameef maaliif dursi hin kennamu jechuun adeemsa hojii qorannoo kana qeqxeetti. Duutii miseensota maatii isaanii kanaa gadda baachuu hin dandeenye akka ta'es dubbatti.
Duutii miseensota maatii isaanii kanaa gadda baachuu hin dandeenye akka ta'es dubbatti. Ijoolleen Girees Fuskoo obbolaatti kan oolaaniif Fuskoo Jaaksan gadda ishee Feesbuukii irratti akkanaan ibsite. ''Haatii koo obboloota 11 qabdu keessaati, Kamisa darbe yeroo rafuuf deemu adaadaafi eessumman 10'n qaba ture, Jimaata yoon ka'u sagal qofa akkan qabun bare. Amma daqiiqaa muraasa durammoo sadDettiitti hir'achuu isaaniin bare'' jette. ''Maaloo namoota jaalattan ofitti aansaa yeroo isaan waliin qabdaniis kunuunsaa, daqiiqaawwan waliin qabdaniis'' jechuun barreesite. Yeroo ammaa namootni 200 ol ta'an Ameerikaa keessatti Covid - 19'n kan du'an yoo ta'u 20,000 kan siiqan vaayirasichaan qabamaniiru.
Koronaavaayiras: Yugaandaan harraa kaasee namni kamiyyu lafarraanis, galaanarraanis, qilleensarraanis biyya akka hin galle dhorkite Yugaandaan lammiilee ishee biyya biraa jiran dabalate namni kamiyyu biyya kamirraayyu lafaanis ta'e qilleensarraan biyya ishee akka hin galle dhorkite. Yugaandaan harra Bitooteessa 22 irraa eegalee imaltoonni kamiyyuu biyyatti akka hingalleef dhorku beeksiifte. Balaliinsiiwwan ergamtoota UN qofti biyyattii qubachuuf kan hayyamamee yoo ta'u, hojjattoon dhaabbichaa garuu bakka qondaaltoonni mijeessaniif boqachuu qabaatu jedhameera. Kanaafu guyyaa Harraa irraa kaase namni kamiyyuu karaa lafootiin ta'ee karaa bishanitiin biyyattii galuun dhorkaadha. Kaargoo mi'aa hojjattoota muraasa waliin garuu akka addaatti ni hayyamam jedhameera. Seerri kunis imaltoota lafoo biyyoota ollaa irra dhufanis kan ilaalatudha jedhameera. Kanaaafuu, lammiileedhumiti Yugaandaa biyya biraa jiraatan mataansaanii guyyaa harraa kanarraa kaasee biyyatti debii'u hindanda'an. Gama biraatin ammoo yeroo jalqabaatiin namni COVID-19 qabame argamu kaleessa mirkaneessite Lammii Yugaandaa kan ta'e namni biyyattii keessatti yeroo jalqabaatiif vaayirasichi kaleessa irratti argame kunis nama umuriin 36'ti jedhameera. Dhukkubsataan kunis Kaleessa Sanbata sa'aatii 8 irratti Dubaayi irraa ka'uun biyya galunsaa himameera. Wayita qaqabeettis mallattoowwan qaama gubaafi fedhii nyaataa dhabu irratti kan mulatu ta'u himame. Tibba qorannoon buufata xiyyaaraatti gaggeefameefiittis ho'i qaama isaa 38.7 ta'e. Haalli kunis oggeessonni fayyaa akka hordoffii dabalataa taasisaniif mirkanaa'u himame. Isaan booda Gara Magaalaa Entabeetti Hospitaalaatti kan geeffame yoo ta'u hordoffiin oggeessotaan taasifamaafi jiraachu himamee.
Isaan booda Gara Magaalaa Entabeetti Hospitaalaatti kan geeffame yoo ta'u hordoffiin oggeessotaan taasifamaafi jiraachu himamee.
Waldaan Hakimoota Oromiyaa: Intarneetiin ittisa koronaavaayirasiif hagam barbaachisaadha? Waldaan Hakimoota Oromiyaa dhukkuba koronaavaayirasii addunyaa waliin gahe dursanii ittisuuf akka gargaaru mootummaan Itoophiyaa intarneetiin Oromiyaa gama lixaafi kibbaatti cufame akka banamu gaafateera. Waldaan kun xalayaa Waajjira Ministira Muummeef barreesseen Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa (WHO) dursanii ittisuun tamsa'insa dhukkuba kanaa to'achuuf gargaara jechuu isaa eera. Pirezidantiin waldichaa Dr Jilchaa Dirribii turtii BBC waliin taasisaniin Itoophiyaatti kan amma jiru caalaa fuula duratti tamsa'uu danda'a jechuun yaaddoo isaanii ibsu. ''Ittisuurratti yoo hojjetame malee erga babal'ate booda dhaabuun rakkisaa akka ta'e biyyoota baay'ee keessatti argineerra.'' ''Sirna fayya nuti qabnuutiin dhibeen kun erga tatamsa'e booda to'achuun garmalee rakkisaa ta'a,'' jechuun mootummaanillee kana irratti akka dalagaa jiru quba qabna jedhu. Haata'u malee, odeeffannoo wayitawaa ta'an ummata maraan qaqqabsiisuu irratti hanqinni jira jechuun dubbatu. ''Yeroo ammaa kana garuu gola Oromiyaa baay'ee keessatti tajaajailli intarneetii hin jiru. Kunis, namoonni bakka sana jiraatan odeeffannoo gahaafi wayitawaa argachuu akka hin dandeenye gochaa jira.'' Dabalataan, 'seektarri fayyaa qaamota naannoo sana jiran waliin qunnamtii gahaa adeemsisuu kan danda'u yoo tajaajilli bilbilaa yookiin intarneetii jiraatedha,' jedhu Dr Jilchaan. Akkasumas, ummanni hubannoo gahaa waa'ee dhukkuba kanaa akka argatu waan barbaachisuuf mootummaan akka furu gaafataniiru. MM Abiy Ahimad ogeessonni kominikeeshinii odeeffannoo ummata biraan gahuun ummata du'aafi miidhamarraa akkasumas diinagdeen biyyaallee akka rakkoo hin seenne akka hojjetan dhaaman. Guyyaa kaleessaa ogeessota kominikeeshinii waliin marii taasisaniin dhimma koronaavaayirasii odeeffannoo 'sirriifi wayitawaa' dabarsuu keessatti gahee akka qaban ibsaniiru.
Gaheen ogeessoonni kun amma qaban loltootatti kan walqixxeessan MM Abiy qormaata qiyyattii mudate yoo keessaa baane akka biyya baraaretti ni lakkaa'amtu jechuu isaanii Dhaabbanni Pireesii Itoophiyaatu gabaase. Haa ta'u malee, intarneetiin gama lixa biyyattii erga cufamee turuun isaa dhukkuba yaaddoo addunyaa ta'e ittisuu irratti balaa qaba jedhu ogeessonni fayyaa. Yeroo ammaa biyyoota garaa garaatti namoonni beekamoofi qondaaltota mootummaa dabalatee waa'ee dhukkuba kana hubannoo kennuuf miidiyaa hawaasummaa bal'inaan itti dhima bahaa jiru. Haalli walfakkaataas Itoophiyaa keessatti mul'ataa jira. Isa miidiyaaleen gurguddoo Itoophiyaa keessa jiran dhimmi dhukkuba kana gabaasan garuu gahaa miti yaada jedhu kaasu Dr Jiilchaan. ''Walitti fufinsaan odeeffannoo hordofanii dhiheessuurratti garuu rakkoon akka jiru sirriitti hubanna.'' Haal walfakkaatuu, jiraataan Godina Horroo Guduruu Wallaggaati dubbisne miidiyaaleen mootummaa odeeffannoo gahaa nubiraan gahaa hin jirani jechuun himatu. 'Dhimmi koronaavaayirasii oduu tokko yookiin lama qofa darba,' jechuun bal'inaan akka hubannoo hin arganne ibsu. Walgeettiin tajajaila intarneetii Itoophiyaa keessatti xiqqoo ta'us ijoo dubbii hawaasaa qajeelchuu keessatti gaheen isaanii olaanaadha. Koronaavaayirasiin alatti dhukkubni gifiraallee Oromiyaa bakkeewwan hedduutti lubbuullee galaafataa wanta jiruf 'ittisuun kan danda'amu barumsa walitti fufinsaan kennuudhan,' jedhu. Kan gaaffii intarneeta Lixa Oromiyaatti cufame kan kaasan galma siyaasaafi jedhanii kanneen qeeqan jiru yaadni keessan maali kan jenne Dr Jilchaan, ''Dhimma siyaasaa keessa qooda hin qabnu,'' jedhan. ''Dhimmi addunyaa akkasumas biyyi itti cinqamaa jirtu keessa waan jirruf ummata keenya bira odeeffannoon gahaa akka hin jirre beekamaadha. Kana gahuudhaaf garuu intarneetiin barbaachisaadha jennee waan amanneefi kan gaafanne,'' jedhan.
Kana gahuudhaaf garuu intarneetiin barbaachisaadha jennee waan amanneefi kan gaafanne,'' jedhan. Gama Lixa Oromiyaa sababa rakkoo nageenyaan intarneetiifi toorri bilbilaa bakkee hedduutti erga bade torban 10 ta'eera. Mootummaan oppireeshinii hidhattoota bakkeewwan sana socho'aniifi rakkoo nageenyaa uumaniiru jedhe irratti gaggeessaa jiruuf cufamuun isaa akka isa gargaare kana dura ibsameera. Haata'u malee, dhaabbileen mirga namoomaa Human Rights Watch dabalatee xinxaltoonni siyaasaa intarneetiin cufame akka banamu gaafataniiru. Hojii gaggeessituun olaantuu Itiyoo Telekoom torbanuma kana BBC'tti akka dubbatanitti taanaan intarneetiifi bilbila Oromiyaa gama llixaafi kibbaa addaan cite deebisuudhaaf ammallee wanti murtaa'e hin jiru. Bara bulchiinsa MM Abiy Ahimad intarneetiin akkasumas bilbilli yeroo hammana dheeratuf yeroo cufamu kuni kan duraati.
Dr. Kaatriin Hamliin: 'Yoon ani du'u bakki kun hanga Fistulaa balleessinutti itti fufa' Ogeettiin fayyaa, kanneen Hospitaala Fistulaa Hamliin hundeessan keessaa toko kan ta'an, lammiin Awustiraaliyaa fi Itoophiyaa Dr. Kaatriin Hamliin du'aan boqochuun isaanii erga dhagahamee namootni kabajaa fi gadda isaanii ibsaa jiru. Kominikeeshiniin Hospitaala Feestullaa Hamliin, Dr. Kaatriin guyyaa kaleessaa Finfinneetti mana jireenyaa isaanii Hospitaala isaanii jala jiru keessatti ganna 96'tti du'aan boqochuu isaanii BBC'f mirkaneesseera. Waggaa 60 oliif Itoophiyaa kan jiraatan Dr. Kaatriin, hospitaala abbaa warraa isaanii waliin hundeessan kana keessatti dubartoota 60,000 ol waldhaananiiru. MM Abiy Ahimad, Dr. Kaatriin ''dubartootni biyya kiyyaa kabajni isaanii irraa mulqame boquu olqabatanii akka deeman dhama'aniiru, Itoophiyaan miidhagina addaa kana dhabdee'' jechuun gadda isaani ibsaniiru. Dr. Kaatriin bara 2012'tti mootummaan Itoophiyaarraa lammummaa Kabajaa Itoophiyaa argataniiru. Maqaan guutuu isaanii Elinoor Kaatriin Niikolsan kan ta'e Dr. Kaatriin, bara 1924 Awustiraaliyaa magaalaa Sidniitti dhalatan. Obbolaa shan waliin dhalatanii kan guddatan Dr. Kaatriin fedhii addaa dubartoota garagaaruuf uumamaan qaban irraa kan ka'e, bara 1946'tti Yunivarsiitii Siidnii mana baranootaa meedikaalatti makamuun ogummaa fayyaan eebbifamaniiru. Ogummaa fayyaa barnootaan horatan manneen yaalaa magaalaa Siidnii keessa jiran keessatti otuu tajaajilaa jiranii Dr. Reeginaald waliin wal jaallatan. Bara 1950'ttis bultii waliin ijaarratanii, waggaa lamaa boodaa ilma isaanii hangafaa Richaardiin horatan. Ilmi isaanii Richaard waggaa jaha yoo gahu, mana baranootaa miidwaayifarii magaalaa Finfinneetti akka banamuuf beeksisa barruu 'the Lancet medical journal' jedhamurratti bahe ture arganii maatii isanii qabatanii gara Finfinneetti imalan.
Hojii waggaa sadiif qofa turuuf dhufanii umurii lafarra jiraatan harka caalu Itoophiyaatti dabarsan. Hospitaala yaadannoo mootitti Tsahaay keessatti wayita hojjetaa turan muuxannoo dhibee Feestullaa yaaluu kan hin qabne ta'uus, dhukkubsattootni yaalaaf dhufaa turan akkan baayyachuun gahumsa sanii gabbisanii mala yaalaa haaraa hanga ammaa hojiirra oolaa jiru akka uuman gargaare. Dhibee Festullaa yaaluuf jalqaba addatti kilinika xiqqoo siree 10 qabu ijaaran. Boodas bara 1975 ji'a Caamsaa keessa Hospitaala Feestullaa Finfinnee ijaaran. Yeroo ammaa hospitaalli kun guutuu biyyaa keessatti dameelee jaha kan qabu yoo ta'u, dubartootni Itoophiyaa 60,00 ol ta'an dhibee dhibee 'obstetric fistula' jedhamuun dararaamaa turan, waldhaansa jireenya isaanii jijjiiruun qaqqabuufii danda'eera. Abbaan warraa isaanii bara 1993 yoo du'aan boqotan, gadda guddoo keessa turaniifi gaafatama hospitaala kana kophaa gaggeessuuf yaaddoo keessa galaniis jajjabina nama biqiltuu qe'ee isaanii kunuunsu obbo Birruu jedhaman irraa argataniin hojii isaanii akka itti fufan seenaan gabaabaan Faawundeeshinii Fistullaa Kaatriin Hamliin irraa argame ni ibsa. Bara 2007'tti 'Hamlin college of Midwives' hundeessuun abjuu isaanii ogeeyyii dahumsaa leenjisuu dhugoomsan. Hospitaalli Feestullaa Hamliin yero ammaa hojjettoota hedduun isaanii Dr. Kaatriiniin leenjia'an 550 qaba. Kenniinsa waldhaansa isaaniin hedduu kan leellifaman Dr. Kaatriin, ''dhukkubsataa hunda jaalalaafi of eeggannoo guddaa, beekumsaafi hubannoo lakkoofsaan, huccuu haaraafi maallaqa manatti ittiin deebi'aniin yaalla jechuun dubbatanii turan. Dr. Kaatriin bara 2001'tti gaazexessaa lammii Awustiraaliyaa Joon Littil jedham waliin kitaaba jireenya isaanirratti xiyyeefatuu fi mata duree 'The Hospital by the River: a story of hope' jedhu barreesanii maxxansaniiru.
Dr. Kaatriin bara 2001'tti gaazexessaa lammii Awustiraaliyaa Joon Littil jedham waliin kitaaba jireenya isaanirratti xiyyeefatuu fi mata duree 'The Hospital by the River: a story of hope' jedhu barreesanii maxxansaniiru. Kitaaba isaanii kana keessattis ishee fi abbaan warraa ishee hojii isaanii akka hojii tola ooltummaa kiristaanaa tokkootti akka ilaalan ibsaniiru. Erga lubbuun darbanii boodas hojiin gaariin hojjetan yaadatamaa kan itti fufu akka ta'e akka ibdi qaban himanii ture. ''Yeroon du'uus, Feestullaa hanga walumaagalatti badutti, hanga dubartiin Itoophiyaa hundi daa'ima nagaa fi dahumas rakkoo hin qabne raawwatanitti bakki kun waggoota hedduuf ni jiraata.'' Dr. Kaatriin mana isaanii waggoota 61 kan ta'e Itoophiyaatti bakka abbaan warraa isaanii itti awwaalaman bakka awwaalchaa loltoota waraanaa Biriteenitti raawwatama. Waggaa 61'ff turtii isaanii Itoophiyaa bara darbe yeroo kabajan Dr. Katriin, ''Itoophiyaa nan jaaladha, asitti guyyaa hunda nan mararfadha'' jedhanii turan.
Keeniyaa maaliif hir'inni dhiiga namaa ishee mudate? Hospitaalonni Keeniyaa hir'inni dhiiga namaa waan mudateef, yeroo baayyee firoonniifi hiriyoonni dhukkubsattootaa akka arjoomaniif waamamu. Waldaan Fannoo Diimaa biyyattiis fuula tiwitara isaarratti ergaa namoonni akka dhiiga arjooman gaafatu maxxanseera. Ji'a kana qofaa hospitaalota biyyattii adda addaa keessatti namoonni 10 ta'an diigni waan barbaachisuuf akka ummanni arjomuuf waamicha dhiyaassaniiru. Kanaafuu Keeniyaan dhiiga hangamii barbaaddi? Hir'innis maaliif umamee laataa? kan jedhu gaaffii deebii'u qabuudha. Haala qajeelfama Dhaabbata Fayyaa Addunyaatiin baay'ina ummata biyyattiif gahaa kan ta'u dhiiga yunitii miiliyoon tokko waggaan walitti qabuun barbaachisa. Baayinni ummata Keeniyaa miliyoon 47 yoo ta'u, osoo dhiigni parsantaa tokkoo arjomamee wayita kana biyyattiin dhiiga yunitii kuma 470 ni qabaatti ture. Garuu bara 2018/19 qofaatti dhiingi yunitii kuma 164 walitti qabamu himamee ture. Kunis lammiileen keeniyaa dhiiga arjoomuu kaka'umsa waan hinqabneef ammi walitti qabamee kan qajeelfamaan barbaadamuun gadi. Wagaggaa waggaanis baayyinni kun jijjirama hin agarsifne. Kana malees, namoota bara 2018 keessa dhiiga harjooman keessaa kanneen %70 kan yeroo jalqabaatiif kennaniidha. Namoonni ira deebiin dhiiga arjooman baayyachuun ammoo hamma dhiigaa barbaadamu mirkanneessuufi gatiifi sochii namoonni akka arjoomaniif kakaasuuf taasifamu hir'isuu caalaa barbaachisa. Maalaqni sochii duula dhiiga arjomuuf taasifamu kanaaf kan harka 80 kan argamu dhaabbilee deegarsa tasisan irraayi, akka gabaasa motummaa dhiheenya kanaatti. Sochii akkasiitiif kanneen deegarsa taasisan keessaa motummaa Ameerikaa kan karaa deegara Karoora Yeroo Ariifachiisaa pirezidaantii biyyattii 'Aids Relief' jedhamu isa guddaadha.
Kaayyoo guddaan sagantaa kanaas namoota dhukkuba Ediisin qabaman addunyaa gutuutti deegaruudha. Biyyi Keeniyaas sagantaa kanarraa haalaan fayyadmaa kan jirtu yoo ta'u, mallaqni sagantaa kanaas baatii Fulbaanaa irraa kaasee dhaabateera. Kunis meeshaalee fi dhiyeessitiin dhiigaa irratti dhiibbaa taasieera. Ruweida Obo, miseensi gumii biyyaaleessaa akka jettuutti, rakkinni hirina dhiigaa kun kan madee deegarsa biyya alaa irratti qofa hirkanuu biyyattiin. ''Wayita deegarsi dhaabbateetti motummaan karoora filamaata kan gara biraa hinqabu ture,'' jetti. Gabaasni motummaa Mudee darbe dhiyaateenis tajaajilli dhiyeessitii dhiigaa balaarratti waan argamuuf walitti qabuu fi deegarsi attattamaa barbaachisaa ta'u akeekkachisee ture. Garuu deegarsi maalaaqaa jedhamees yeroo hindhiyaatiin hafeera. Dr Fridah Govedi, Ittigaafatamtuun kutaa tajaajila dhiiga biyyaaleessaa sagantaan deegarsaa adda cite hanga walakkeessa Bitooteessaa ni gaha jedhamee eegamaa akka ture dubbatti. ''Walitti fuufiinsa mirkanneessu irratti qaawwatu ture... rakkinni isa natti fakkaata,'' jette BBC'n. Erga deegarsi baatii Fulbaanaa keessa irraa dhaabatee hanga dhiiga yunitii 1,000 qofatti wayiti qaqaban jiraachu himti. ''Guyyaatti yoo xinnaatee dhiiga yunitii 1,500 nu barbaachisa. Yoo hanga yunitii 3,000 qabaannee ammoo haala tasabaa'aa keessa jirra jechuudha,'' jetti. Haa ta'u malee tibba kanatti biyyattiin guyyaatti dhiiga hanga yunitii 2,500 fi 3,000 walitti qabaa jiraachu himti. Hakimoon ammoo ammalleen hanqina dhiiqaa isaan mudataa jiraachu BBC'tti himan. Dr Thuranira Kaugiria, quqamaan fayyaa hawaasaa tajaajila dabarsaa dhiigaa biyyaaleessaatiif walabummaan kennamu qabaata jedha.
Dr Thuranira Kaugiria, quqamaan fayyaa hawaasaa tajaajila dabarsaa dhiigaa biyyaaleessaatiif walabummaan kennamu qabaata jedha. To'annoo motummaa jalaa bahu qabaata jedha. Haa ta'u malee hir'ina dhiigaa mudateen biyyattiin rakkina keessa galtee jirti. "Osoo ummata Keeniyaa keessaa %1 qofti arjomee gahaa qabaanna ture. Garuu deegarsa maallaqaa sana waliinuu dhiiga gahaa qabaannee hinbeeknu ture. Aadaa dhiiga arjoomu cimsuu qabna,'' jechuun BBC'tti himan. Dr Govedi akka jedhuutti lammiilee Keeniyaa barbaachisummaa dhiiga arjoomuu hinjajabeessan. ''Namoonni tokko tokkoos yoo dhiiga kennan akka du'aniitti amanu. Ykn ammoo dhiiga yoo kennite carraa hamaan akka si mudatuutti ilaalu. Kuun ammoo qoratamuun bu'aa dhufuu soodaachun of qabu.'' Motummaan qophiiwwan duula arjooma dhiigaa gaggeessaa jira. Hanqiina dhiigaa umamee hiikuufis tibba manni barnootaa cifamuutti daraggoota irratti xiyyeeffachuun hubannoo barattoota sadarkaa lammaaffaa akka dhiiga arjoomaniif cimsuurratti xiyyeeffachun hojjata.
Dhiirotni dhaabbatanii moo taa'anii yoo fincaa'an wayyaaf? Aadaa biyyoota hedduu keessatti ijoolleen dhiiraa dhaabbatanii akka fincaa'an, ijoolleen dubaraa ammoo taa'anii akka fincaa'an baratu. Aadaan iddoo hedduutti baratame kun garuu wayita amma aanga'oota fayyaa biyyoota danuun gaaffii keessa galaa jira. Dhiironni haala itti fincaa'uu qaban irra deebi'anii ilaaluu akka qaban sababoonni fayyaa fi qulqullinaan wal qabatan dhiyaataa jiru. Lafa biraatti ammoo wal qixxummaa waliin wal qabsiisanii kan kaasanis hin dhabamne. Garuu sirriin isa kami, dhiirotaaf kamtu wayya? Sababoota hedduun dhiirotaaf dhaabbatanii fincaa'uun ni salphata. Tokko, kutaa xiqqoo keessatti nama hedduu keessummeessuun waan danda'amuuf hiriiruun isaanirraa hin eegamu, lammata ammoo uffata baafachuun hin rakkatan. Haa ta'u malee ogeeyyiin fayyaa wayita fincaa'an haalli teessuma qaama namaa hamma fincaan qaama keessaa bahuu irratti dhiibbaa qaba jedhu. Mee akkamiin akka fincoofnu haa ilaallu. Fincaan kalee namaa kan xurii dhiiga keessaa qulqulleessee baasuun omishama. Achi booda afuuffee fincaanii keessatti kuufama. Sababa afuuffee fincaanii keessatti kuufamuuf ammaa amma mana fincaanii dhaquun osoo hin barbaachisiin hojii hojjechuufi rafuu kan dandeenyu. Afuuffeen fincaanii kun milii liitirii 300 hanga 600 kan qabatu yoo ta'u, wayita inni lama sadaffaa guutu kan fincaan nama qabu. Fincaan afuuffee kana keessatti guutame hunda isaa baasanii fincaa'uuf, sirna to'annoo narvii fayya qabeessa ta'e kan wayita fincaan nu qabu nu beeksisuufi fincaa'uuf haalli mijataan hin jiru yoo ta'e fincaan akka qabannu nu gargaaru qabaachuu qabna. Wayita namni tokko fincaa'uuf qophaa'u maashaaleen qaamaa afuuffee marsanii jiran ni diriiru, wayita san afuuffeen walitti butamee fincaan akka keessaa yaa'u ta'a.
Wayita namni tokko fincaa'uuf qophaa'u maashaaleen qaamaa afuuffee marsanii jiran ni diriiru, wayita san afuuffeen walitti butamee fincaan akka keessaa yaa'u ta'a. Namni fayya qabeessi tokko fincaa'uuf humna isa hin barbaachisu. Garuu yeroo tokko tokko salphaatti fincaan namaa bahuu dhiisuu mala. Akka qorannoon sayinsawaa maxxansa Plos One, mul'isutti dhiironni rakkoo fincaan salphaatti bahuufi diduu qabaniif taa'anii fincaa'uun bu'aa qaba. Qorannoon namoota fayyaa guutuu qabaniifi rakkoo fincaan bahuufi diduu qaban irratti taasifame kun warri rakkoo qaban wayita dhaabbatanii fincaa'an caalaa wayita taa'anii fincaa'an akka wayyuuf mul'iseera. Warra fayya qabeessa irratti garaagarummaan kun hin mul'anne. UK keessatti Tajaajilli Fayyaa Biyyaalessaa (NHS) dhiirotni fincaa'uuf rakkatan bakka haara galfi cal jedhaafi taa'anii fincaa'uu danda'an akka fayyadaman gorsa. Sababni biroon taa'anii fincaa'uun gorfamuuf qulqullinaafi. Dhiirotni wayita taa'anii fincaa'an teessumni mana fincaanii waan xuraa'uuf namoonni biroo akka itti hin fayyadamne taasisa. Biyyoota lixaa akka Jarman keessatti manneen fincaanii dhaabbatanii fincaa'uun dhorkaa ta'e jiru. Haa ta'u malee taa'anii fincaa'uun amala dhiiraa akka hin taaneefi akka waan gadheetti waan ilaalama.
Fayyaa Walhormaataa: Dhukkuboota quunnamtii saalaatiin dadarbuun yaachisoo ta'an haaraa Dhukkuboota karaa quunnamtii saalaatiin darban dabaltee yeroo garaa garaatti dhibeewwan haaraan ni mudatu. Dhukkuboota fayyaa hawaasaatti baayyee yaachisoo ni ta'u jedhaman keessaa dhukkubboonni karaa quunnamtii saalaatiin dadarban ni eeramu. Isaan keessaayis waa'ee dhukkuboota karaa quunnamtii saalaatiin darban haaraa afur isiin dubbisiifna. 1. Neyiseriiyaa Meniinjaayitiidiis Dhukkubni Neeyiseeriiyaa Meenjaayitiidiis gara caalaa jecha warra ogeessa fayyaan Meeniingokookis jedhamuun kan beekamu yoo ta'u, dhukkuba haala salphaan tatamsa'uun saggoo/qolee kan googsee qabuudha. Dhukkubichi baayyee cimaa yoo ta'u, keessattuu sammuufii dugugguuruu miidhuun hanga du'aatti kan qaqabsiisuu danda'uudha. Irra caalaa infeekshinii ujummoo fincaaniifi qaama walhormaataa jedhamuun beekama. Baakteeriyaan dhukkubichaa xuxuqaan darbuu akka danda'au himama. Afaaniifi funyaan gaheessoota parsantaa shanii hanga saddeetii ta'an keessatti baakteeriyaan Neeyiiseeriiyaa waan argamuuf, tibba quunnamtii saalaa, wal dhungachuufi karaa dhangala'aawwan dhukkubicha dadabarsuu danda'aniifi qaama namootaa keessaa bahaniitiin dadarbu. Dhukkubni waggaa afuriin dura magaaloota Ameerikaa hedduu keessatti mudatee ture kunis, sanyii baakteeriyaa cabxoo waliin walitti makamuun kan umamee ta'usaa saayintistoonni ni ibsu. Ce'umsi kunis dhukkuba karaa quunnamtii saalaatiin daddarbu kana caalaa balaafamaa taasiseera. Dhukkubni kunis gosawwan shan kan qabu yoo ta'u, isaan keessaaf gosa lama ittisuuf kan dandessisu talaalliin argameera. 2. Maayiikopilaazimaa Jeeniitaaliiyamaa Baakteeriyaawwan baayyee xiqqoo ta'an keessatti kan ramadamu Maayikopilaaziimaa Jeeniitaaliizimaa haala isaatiin caalaa haalli tamsa'ina isaa yaachisaa ta'aa dhufeera.
Dhukkuni bara 1980 keessa jiraachunsaa barame kunis wayita ammaa kanattis dargaggoota fi gaheessoota persantaa tokko ykn lama ta'an irratti ni mulata. Mallattoowwan dhukkuba kanaa irra caalaa kan hin mullannee yoo ta'an, yeroo tokko tokko garuu ujjummoo fincaanii irratti miira dhukkubbii kan dhukkuba quunnamtii saalatiin darban kan biraan walfakkaatu qaba. Sababii dhiibbaa dhukkubni kun qaama wal hormaataa irratti geessisuun, dhala dhabuu, ulfi irraa bahuufi dhalachuu daa'imaa osoo yeroo hin gahiiniif rakkoolee kkf saaxilamuu danda'u. Kondomiitti fayyadamuun dhkkubichaan qabamuurraa kan ittisu yoo ta'u, qorattoonni dhukkubni kun amala qorichoota antibiotic waan wal bareefuu yachiisaadha jechuun akeekachiisa kennaa jiru. ''Kan na yaachisu dhukkubni kun qorichaan wal baraa adeemusaafii babalachusaati'' kan jedhan Daarektara Dhaabbata Fayyaa Ameeriikaatti argamu tokko kan ta'an Maatiiw Gooldanidha. Uumamuu baakteriyaa dhukkuba balaa olaanaa qaqabsiisuu danda'u kana ittisuuf qorannoon dabalataa baayyee barbaachiisaa akka ta'ees ni dubbatu. 3. Shiigeelaa Fileekiseeneerii Dhukkubni shiigeelosiis (garaa kaasaa Shiigeelaa) jedhamuun kan beekamu xuxuqqaa bobbaa namootaa waliin kallattiin hidhata qabaata. Dhukkubichi cinniinnaa garaa cimaafi garaa kaasaa dhiiga makate qabaata. Sababii kanaafuu dhukkubicha carraa itti namootarraa namootatti ittiin darbu argata. Dhukkubni kun namoota biyyooyta galii jiddugalaafi gadaanaa qaban keessatti irra deedeebiin imalaniifi guddattoota kan mudatu ta'ulleen, bara 1970 keessaa namoota quunnamtii saalaa raawwatan irratti kan mullatu ta'u qorrattoonni galmeessaniiru. Aangaa'aa dhimmoota fayyaa magaalaa Niiyoork kan ta'an keessaa tokko Diimetiiriin waa'ee Shiigyylosoos balaafamaa ta'aa dhufuu yoo dubatana, '' dhukkubni karaa quunnamtii saalaatiin darbu kun qoricha cabxoo wallaanuuf itti fayyadamnuun wal baraa dhufeera,'' jedhaniiru.
Aangaa'aa dhimmoota fayyaa magaalaa Niiyoork kan ta'an keessaa tokko Diimetiiriin waa'ee Shiigyylosoos balaafamaa ta'aa dhufuu yoo dubatana, '' dhukkubni karaa quunnamtii saalaatiin darbu kun qoricha cabxoo wallaanuuf itti fayyadamnuun wal baraa dhufeera,'' jedhaniiru. 4. Liimifogiraanulomaa Veenerum (Aljiivii) Dhukkubni karaa quunnamtii saalaatiin kun kan darbu karaa sanyii Kilaayimeediyaa Turaakomaasiis jedhamuutiin yoo ta'u, ''dhukkubbii baayyee cimaa ta'ee geesiisu danda'a'' jechuun ture doktor Saan Firaansii kan ta'an Kiriistofar Siikiiziil kan dubbatan. Dhukkubichi jalqabarratti naannoo gadaameessattii dhiitoo, bishaan godhachuu ykn dhiiguu mudachuu danda'a. Booda keessaa ammoo qaamaa keessa deemuu dada'a. Dhukkubichi qaamaa bobbaafi fincaanii irratti dhiitoofi dhukkubbii geessisuun rakkinoota feestulaa fakkaatan kan biraa qaqabsiisuu danda'a. Waggoota darban 10 keessaa ammoo dhukkubni kun Awuroppaafi Ameerikaa kaabaa keessatti bal'inaan kan mulatee yoo ta'u, keessattuu weerara dhukubaa namoota saala walfakkaatu waliin quunnamtii saalaa raawwatan mudataa jiran adda addaa waliin waliitti hidhamaa tureera. Kana males dhukkubichi carraa HIV'/AIDSn qabamu namootaa kan dabalu ta'u himama. Kanaafuu yeroo kamiyyuu haala sirrii ta'een kondomiitti fayyadamuun soda dhukkubichaan qabamuu kan hirrisuu yoo ta'u, namoonni Liimifogiraanulomaan qabaman yaalamuun erga fayyuus qoricha farra dhukkubichaa torban sadiif kennamu fudhachuutu irraa eegama.
Iteegee: Appii Kaansarii ittisuuf barattoonni fayyaa Itoophiyaa kalaqan Beeteel Saamsoon Yunivarsitii Finfinneetti Hospitaala Xiqur Anbassaatti barattuu wallaansa fayyaa waggaa 5ffaati. Beteel waldaa barattoota wallaansa fayyaa keessatti miseensummaan kan hirmaattu yoo ta'u, koree wal hormaata fayyaafi HIV irratti hojjatu tokko daarektarummaan ogganti. Abbaa ishee oggeessa fayyaa kan ta'aniifi harmeeshee oggeettii injinarii taateerraa kan Magaalaa Finfinneetti dhalattee Beeteel, barnootashe sadarkaa lammaffaa mana barnootaa Naazereetiitti baratte. Isheefi obboollees ishee akka oggummaa fayyaa barataniif gummaanni maatiisaanii olaanaa ta'u kan himtu Beeteel, wayita mana barnootaa turteetti hojiiwwan dubartoota ilaallataniif xiyyeefannaa akka kennituuf barsiistoota isheerraa gorsa argachu himti. ''Mana barnootaa dubartootaatti barachuun kiyyaaf nama carraa ta'u kiyyaafi hojii jireenya dubartootaa fooyyeessu hojjachu akkan qabaadhu natti himaa turan,'' jetti. Erga barnoota wallaansa fayyaa eegaltees hojii tola oltummaa ykn barnoota fayyaa ammaayyeessuu yoo ta'u baate ammoo, hojjii fayyaa hawaasaa keessatti hirmaachu akka dandeessuu filannoon dhiyaataniif. Yeroo sana ture dhimmoota fayyaa daa'immaniifi haadholiin wal qabate irratti hojachuun kan eegale jetti Beetel. Kanaafuu osoo waa'ee kaansarii gadaameessaafi harmaa irratti hojjatee akka caaluus hubatte. Yaada kanaafis kan ishee gargaare yo himtu, waldaasaanii keessatti pirojaktiin 'Double Impact'' jedhamu tokko jiraachu himti. Kunis akka waan tokkoon galma lama fiixaan baasuu jechuutti, waa'ee kaansarii yoo barsiifamu, kan harmaafi gadaameessaa walumatti barsiisu jechuudha. Dhaabbilee garaa garaatti argamuttis attamiin kaansarii harmaa ofiirraa ittisuun akka danda'amu ni barsiifti.
Kaansarii gadameessaas yoo ta'e buufata fayyaa naannootti argamu dhaquun akka ilaalamaniif jajjabeessitti. Hat'u ammoo kanaaf kan deegaru meeshaa afaan biyya keessatiin qophaa'ee argachu hindandeenyee. Kanarraa ka'uun ture Appiin Iteegee' kan yaadame. Wayita yaadni kun eegalamuuttis barattoonni wallaansa fayyaa kan akka Meerii Mireessaa, Maahibuub Bagiichoo, Qididsti Alam Sagaddi ishee waliin ta'u himti. Kaansariinii dhukkubota dadarboo hintaanee keessaa tokko. Addunyaa kanattis kaansarii qoft waggaan lubbuu miliyoona 7.9 akka galaafatu qorannoowwan ni mul'isu. Biyyoota akka Itoophiyaa guddinarratti argamaniitti namoota ajjeessuun kan dursaan beekaman dhukkuboota dadarboo ta'n illeen, kaansariin baayyee baballataa jira. Goosoota kaansarii hunda caalaa ammoo kaansariin harmaa baayyee cimaa ta'u qorannoon sadarkaa addunyaatti bara 2018tti gaggeefame tokko ni mul'isa. Namoota kaansarii dhukkubsatan keessaayis kan %25.5 ta'an kaansarii harmaatiin kan qabamaniidha. Qorannoon Itoophiyaatti gaggeefamee akka mul'iseettis, du'aatii biyyattii guutuutti mudatan keessaa %5.8 kaansariidhaan. Namoonnis wallaansa barbaacha gara hospitaalaa kan dhufan erga dhukkubicha qaama keessa faca'een booda waan ta'eef, carraan fayyuusaanii gadaanaa ta'u dubbatti Beetel. Sadarkaa addunyaatti kansariin soombaafi harma dursaan kan eraman yoo ta'u Itoophiyaatti kan harmaafi karra gadaameessaa dursaan eeramu. Kana maleess irra caalaan namoota kaansariin du'anii dubartoota jedha qorannoon. Beeteliifi hirriyyoonni ishee, meeshaa waa'ee kaansarii harmaafi karra gadameessaa ittiin barsiifamu qopheessuuf wayita yaadaniitti, filannooleen adda addaa ka'anii akka turan yaadatti.
Osoo bilbila harkaarratti appii qopheessine dubartoonnii appicha fe'achuun itti fayyadamu waan danda'aniif, kan hojjachuuf murteessu himti. Achiinis appichatti lakkooftuu guyyaa dabaluun dubartoonni ji'a ji'aan akka harmasaanii sakkata'anii yaadachisu taasifamee Appii hojjachuuf murteessan. Kunis akka hordoffii taasaaniifi yoo mallattoon kaansarii jiraate, attattamaan gara mana yaalaa akka deemaniif akka deegaru himti Beeteel. Beeteel barattuu oggummaa fayyaa waan taateef yaada maddisiisuu malee appicha hojjachuuf dandeettii akka hinqabne himti. Kanaafuu dhaabbilee dhimma kanaan isan gargaaru argachuuf midiyaalee hawaasaa qorachuu eegalu himti. Achiinis Linkedin irratti dhaabbata Zoka IT Solution jedhu, Telegram irratti ammoo Izira Deme argatte. Wayita qaamoolee kanneenitti yaada ishee qooddeettis gammachuun yaadashee simachuun keessummeessa. Daarektarri Zoka IT Solution Obbo Biruk Birhaane dhaabbata isaanii kan sooftweerii hojjatuufi nageenya ragaarratti leenjii kan kennuu, bilisaan hojjateef. Obbo Birukis maaliif akka gaaffii Beetel akka simatan yoo himan, wayita ammaa kanatti fayyadamtoonni bilbila harkaa miliyoona 64 jiraachu himuun. Kanneen keessayis miliyoona 18 kan ta'an ammoo daataa intarneetii kan fayyadaman waan ta'aniif odeeffannoofayyaa haala salphaatti argachu danda'u jedhee waan yaadeefiidha. Biyya keenyatti namoonni hedduun bilbila andirooyidii waan fayyadamaniif, isaaniif dursa kennuun hojaachu isaa hima Obbo Biruuk. Appii kan hojjachuufis qarshii kuma 50 itti baasuun himeera. Iziraa damee gama isaatiin oggummaa ijaaraatiin kan heebbifame ta'ulleen, dhuunfaasaattii hojiiwwan garaa garaa hojjataa waan tureef, fakkii appii Iteegee irratti attamiin dubartoonni harasaanii kaansarii irraa of eegachu akka qabu agarsiisu hojjachuu danda'e.
Iziraa damee gama isaatiin oggummaa ijaaraatiin kan heebbifame ta'ulleen, dhuunfaasaattii hojiiwwan garaa garaa hojjataa waan tureef, fakkii appii Iteegee irratti attamiin dubartoonni harasaanii kaansarii irraa of eegachu akka qabu agarsiisu hojjachuu danda'e. Appii kunis ammaatti Google play irratti fe'amee akka argamu kan dubbatti Beeteel, gara fuula duraattis waan fooyyeeffamu qabaatu fooyyeessaa adeemuuf yaada qabaachu himti. Iteegeen maaliif barbaachise? Dubartiin appicha irratti waraabuun ergaa dabarsituus haala danda'ameen bifaa fi aadaa Itoophiyaa akka calaqisiiftuuf taasisuu Beeteel ni dubbatti. Gumaatin hirriyoonni ishee Meerii fa'i taasisaniif yaada ishee qabatamaa akka taasiseef himti. Dubartoonni walitti dhufeenya hawaasummaa adda addaatiin waa'ee fayyaas kaasuun waan mari'ataniif, moggaasni maqaas caalaa hawaasatti akka dhiyaatuu yaadamuu himti. Iziraa damee jalqaba Iteegee yoo hojjadhu dargaggeetti turte jedha. Booda garuu Beetiin umuriinshee osoo 30ta keessa ta'ee gaariidha yaada jedhu waan naaf kenniteef, bifa amma qabdu argachu hima. Kanaafis sababiin kaansariin irra caalaa dubartoota umurii 30manii keessatti argaman kan miidhu waan ta'eefiidha jedha. Akkasumas jalqaba uffata wandaboo shaamaa magariisaafi kophee laasitiikii kaawwattee turte. Booda garuu yaada dhiyaaterratti hundaa'un uffata qamsii itti uwwuusu hima. Ammaafi appichi afaan Amaaraa qofaan kan dubbatu yoo ta'u waljalaan afaanoota biyyattii biraa akka itti dabalan himti Beeteel. Obbo Biruuk yaadni isaanii mummeen, namoonni appicha fe'atanii fayyasaanii akka eeggatan taasisuu waan ta'eef, deegarsi yoo argame affanoota biyyattii kan biraatiniis ni hojjanna jedheera. Appii kana kan hojjannees dirqama lammuummaa keenya bahuuf malee bu'aa irra argatan omtu akka hinjirree hima Obbo Biruuk. Iziraan gama isaatiin, appii kana kaansariin alattis dhukkuboota biraalleen ittisuu barsiisuuf itti fayyadamuun akka danda'amu yaada.
Waaraanni Kooriyaa Kibbaa booyyee daggalaa daangaa darbuu yoo argan akka ajjeesaniif ajaja qabu.
Hanna teessuma mana fincaanii Warqii irraa tolfame gatii jabeessa ta'e agarsiisarra ture kana hattoonni konkolaata lama fayyadamuun hatuu hin oolle jedhe poolisiin.
Ambulaansii Xabbitaa: Itoophiyaatti nama 'yeroo jalqabaaf' tajaajila ambulaansii dhuunfaa hundeessan Kibreet Abbaba Tufaan Finfinneetti dhalatan. Barnoota isaanii sadarkaa duraa mana barumsaa Hibret Firee jedhamu kan ijoolleen loltoota Kooriyaatti duulanii itti baratanitti hordofan. Sadarkaa lammaffaa immoo mana barnootaa Kookkeba Tsibahaatti baratan. Yunivarsiitii Jimmaa irraa immoo oguummaa narsiin erga eebbifamaniin booda, Baalee waggaa shaniif tajaajilanii gara hospitaala Xiqur Ambassaatti geeddaraman. Achitti waggaa tokko erga tajaajilaniin booda ogummaa Anaesthesia (wal'aansaaf jecha qaama hadoochuu) baratanii achuma Xiqur Ambassaatti hafuun waggaa 17 hojjetaniiru. Saayinsii hawaasummaan immoo Yunivarsiitii Finfinnee irraa digirii jalqabaan eebbifamaniiru. ''Ani yeroo hunda of barbaadaan jira. Namoonni gara eenyummaa isaanii isa badhaadhaatti kan dhufan yeroo of barbaadani dha, achi keessa immoo wanti baayyeen jira,'' jedhu Obbo Kibret Abbaba. Bara Hospitaala Xiqur Ambassaa hojjechaa turetti ''hojjetaa 'cimaa,' kan dhukkubsattootaafi namootaaf kabaja qabu ta'uun barbaada, kunimmoo filannoo kooti,'' jedhu. Ogeessi qaama namaa hadoochuu irratti hojjetu namoonni oonneen isaanii yoo dhaabbate, sirni hargansuu isaanii rakkoon yoo isa mudate kan to'atu isa dha. Kanaaf hojii koo nan kabaja jedhu. Abbaan koo yeroo isaatti gooota ture, ''Afaan Amaaraa yeroo dubbatu gara Afaan Oromoo gatii isa harkisuuf, muudamuu hin dandeessu yommuu isa jedhan isinittan agarsiisa jedhee nama 'Shaambal' tahuu danda'ee, Kooriyaattis duulee ture. Seenaa kana immoo ijoolleesaa hunda keenyatti himaa ture. Ani immoo isattan bahe,'' jedhu Obbo Kibret. Filannoo Itoophiyaa kan bara 1997 lammiin Biriiteen Itoophiyaa dhufan sababa ol-ka'insa lafa Itoophiyaa irraan kan ka'e rakkoon hargansuufi onnee isaan mudatee akkan isaaniin gargaaraa gara UKtti deebisee geessun waamame jedhu Obbo Kibret.
Tajaajilli ambulaansii UKttiarge waanin ani sana dura yaadaa ture sirrii akka tahe naa mirkaneesse, ''biyyi kuni hiyyeettii gatii taateef miti nuti ijaa hin hojjenneefi, animmoo warra rakkoo uumu osoo hin taane kan warra furmaata fiduu tahuun barbaada.'' Kanaaf yeroon achii deebi'u Xiquur Ambassaa irraa hayyama kootiin hojii gadhiisee bahe,'' jedhu. Xiqur Ambassaa irraa sababiin na baase inni guddaan ''namoota du'uuf jiran kutaa oppireeshiniitti eegee du'a isaanii keessatti hin hirmaadhu. Namooti balaan gaafa irra gahu idduma jiraniiti karaa ogummaa qabuun gargaaruun barbaada jedheeni. ''Biyya keenya keessa konokolaataa 10,000tti namoonni 194 du'u Jaappaanitti garuu namni tokko du'uuf konkolaataan 20,000 daandiitti ba'uu qaba'' ''Nama karaa salphaa taheen baraaruun akka danda'amu ani yoo hin dubbanne immoo eenyuyyuu himu hin danda'u'' jedhu. Haa tahu malee Ministeerri Fayyaa ''ati daldalaa tahuu barbaaddaa nuti immoo hojii akkasiif gulantaa ittiin madaallu waan hin qabneef beekamtii siif kennuu hin dandeenyu naan jedhan,'' jedhu. Achiin booda, ''gulantaa ogummaan kuni ittiin madaalamu biyyooti kaan akkuma qopheessan nuti ni dandeenya jedheen gulantaa yaalii balaa tasaa Itoophiyaa yeroo jalqabaaf kan fuula 70 qabu qopheesse jedhan. ''Kunimmoo baayyee na boonsa. ''Hin danda'amuudhaan, hin danda'amu jedheen hojii dhaan agarsise'' jedhan. Kana hunda booda hojiitti seenuudhaaf baankoliin qarshii akka isaaniif liqeessan haa gaafataniyyuu malee, liqii karaa salphaa taheen argachuu hin dandeenye. Kanaaf, ''mana koo gurguruutti nan murteesse. Isa immoo haati warraa koo na mormitee jaarsolii natti baafte, isaaniis ishee deeggaran.
Mana gurguranii namoota biroo nan gargaara jechuun maraatummaadha naan jettes turte. Dhuma irratti, kaayyoo koo kana galmaan hin gahu taanaan jiraachuu hin danda'u jedhee jennaan haati warraa koo anaa waliin wali galte. Achii Dubaay deemeen konkolaataawwan moofaa sadii gara ambulaansiitti geeddaree fidee dhufe. Ambulaansiin Xabbitaa bara 2008tti akkasitti jalqabe,'' jedhu ''Lafa sirni bibilaa yeroo tasaa hin jiretti,'' jedhu. Ergasiis qarshii ijaan hin qabneef konkolaataa dhuunfaa koo ittiin socho'uuf immoo nan gurgure, jedhan. Yeroos irraa jalqabee hanga har'aattii 'namoota 70,000 tahan iddoo tokkoo gara iddoo gara biraatii geejibneerra jedhu. Ambulaansiiwwan 20 tahanis kan miiyi yaalii balaa tasaa gargaaruuf tahu sadarkaa idila addunyaa guutan akka qabanis dubbatu Koolleejii barnoota yaalii balaa tasaa kennu banuudhaanis barattoota 14 achirraa eebbifaman deebisanii dhaabbata isaaniitti akka qacaran ni dubbatu Obbo Kibret. Tajaajila ambulaansii asii hanga biyya alaa qillensarraan kenninneerra. Magaalota naannolee deemuudhaan tajaajila isaanii akka qaqqabsiisanis ni dubbatu. ''Amma ani pireezidantii Hojii Uumtoota Hawaasummaati, rakkoon keenyi baayyeen karaa daldala hawaasummaan hiikamuu ni danda'a'' jedhu ''Nuti hojiin keenyi inni duraa lubbuu namaa baraaruu dha. Qarshii immoo nama qaburraa malee harka qal'eessarraa hin fudhannu'' jedhan. Haa tahu malee mootummaan haala hojii isaanii kana waan hin hubanneef isaan gargaaruurra danqaa itti tahaa akka jirus himu. Inni jalqabaa sirna ambulaansii lafoo qindaa'e namni kamiyyuu qarshii yoo qabaates qabaachuu baates, nama tahuusaa qofaaf kan itti yaalamu diriirsuu dha. Lammata immoo hospitaala namootni madaa'an qofti itti yaalaman dhaabuu, namooti miidhamanii lubbuun isaanii balaarra jiru haala addaatti hospitaala keessummeessu jechuu dha.
Lammata immoo hospitaala namootni madaa'an qofti itti yaalaman dhaabuu, namooti miidhamanii lubbuun isaanii balaarra jiru haala addaatti hospitaala keessummeessu jechuu dha. Koolleejii ammayyuu jalqabnee jirru wiirtuu leenjii yaalii balaa tasaa Afrikaa akka tahu gochuu dha inni sadaffaa. Itoophiyaa keeessa rakkoon guddaan tokko dhiyeessi miiya yaalii hatattamaa gatii taheef warshaa meeshaalee kana oomishu dhaabuun kaayyoo koo isa arfaffaa yoo tahu, Inni dhumaa immoo tajaajila wal'aansa hatattamaa xiyyaaraan kennamu eegaluu dha. Kanaanis ambulaansiidhaan jireenya baraaruufi namoota kaaniif immoo hojii uumuu nan danda'a jedhaniiru obbo Kibret.
Maatiin US daa'imman dogoggoraa godhachuunsaanii himan Namoonni lama mala saayinsawaa IVF jedhamuun daa'ima godhachuuf yaalaa turan dogoggora kiliinika wal-hormaataa Kaalifoorniyaatti uumameen haati daa'ima dogoggoraa akka ulfooftu taheera jedhan. Namoonni kunneen himannaa Niw Yoorkitti bananiin, daa'imman dhiiraa sanyii Eeshiyaa hin qabne godhachuu isaaniin akka 'nahan' miidiyaaleen US gabaasaniiru. Himannicharratti qorannoon qaccee sanyii (DNA) daa'imman dhalatanii kan isaanii akka hin fakkaanne himameera. Kiliinikichi garuu hanga yoonaa himannicharratti waayyuu hin jenne. Namoonni lamaan ''salphinarraa of oolchuuf'' maqaa isaanii AP fi YZ kan jedhan yoo tahu, daa'ima argachuuf waggaa baayyee yaalani. Boodarra mala saayinsawaa In vitro fertilisation (Hanqaaquun dubartiifi sanyiin dhiiraa gadameessaan alatti (laaboraatorii) keessatti erga wal-argatanii guyyaa jaha booda deebisanii gadameessa dubartii hanqaaquun irraa fudhatame yookiin kan biraa keessa kaa'uu) jedhamuun ture daa'ima godhachuu kan murteessan. Himannaan baha Niw Yoorkitti baname kilinika wal-hormaataa, hojjettoota lamaafi direktara, ogummaa isaanii sirnaan fayyadamuu dhiisuufi tahe jedhanii miira namaa miidhuun isaan himateera. Akka himannichaatti, namoonni gaafa Bitootessa 30 daa'ima argatan ''daa'imman sanyii isaaanii akka ta'an yoo itti himamaa tureyyuu yeroo dhalatan garuu akka hin taane baraniiru.'' Yeroo daa'imman dhiiraa argattu jedhaman gaaffii itti uumee akka ture himannicharraa dubbifameera sababiinsaa doktariin yaalii taasise akka durba dahuu danadeessutti sanyii isaanii walitti make. Doktaroonnis wal'aansa yeroo taasisan daa'imman dogoggoraa akka argan itti himanii turan. Ijoolleen dhalatan maatii isaaniirra, walii walii isaanii wal-fakkaatu.
Ijoolleen dhalatan maatii isaaniirra, walii walii isaanii wal-fakkaatu. Kiliniikicha ''of eeggannoo guddaafi haala ogummmaa kabajeen'' deesifnee jechuun marsariitii isaarratti barreesseera. Abukaattonni namoota kanneenii ''kiliniika jibbisiisaa taheefi dhimma hin qabneen'' yaalamuu isaanii itti dhagahameera jedhaniiru. ''Kaayyoon keenya beenyaa akka argatan taasisuu fi gochi akkasii lammata akka irra hin deebi'amne taasisuudha'' jedhaniiru abukaatonni.
Dhiironni maaliif dubartoota caalaa of ajjeesuu? Obboleessi Helen of kan ajjeese waggaa jahaa dura. Yeroo sana dargaggoo waggaa 28 ture. Namoota Helen beektuuf kanneen of ajjeessan irra caalaan dhiira. Kun maaliif laata? Haata'u malee, gochi namoonni ofiin of ajjeessu kun kan xiyyeeffannaan guddaan hin kennamneefiidha. Dhugaansaa akka asiin gadii fakkaata. Akka ragaa Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa waggoota sadiin dura baaseetti namoonni kuma 793 ofiin ofi ajjeessaniiru. Baayyeensaanii ammoo dhiiroota. Yunaayitid Kingdam keessattis bara 1981 as lakkoofsi namoota of ajjeessanii inni xiqqaan keessatti galmaa'ulleen, wayita ammaatti haalli kun akkuma dhukkuba ilmaan namoota ajjeessan kan biraatiin walqixa miidhaa qaqabsiisaa jira. Biyya Ingiliziittis taanaan kan of ajjeessan irra caalli dhiiroota. Akkasumas biyyaa Awustiraaliyaatti lakkoofai dhiiroota of ajjeessanii kan dubartootaa dachaa sadiin caala. Ameeriikaa 3.5n, rusiyaa fi Arjentinaatti ammoo dachaa afuriin caala. Biyya Keeniyaattis gochi ofi ajjeessuu kun baayyee yaachisaa ta'aa dhufeera. Itoophiyaattis lakkoofsi isaa haalaan beekamu baatulleen namoonni akka of ajjeesan dhagahun baramaadha. Haalli kun kan yaachise Ameerikaan Faawundeshinii ofiin of ajjeessuu ittisu erga hundeessite bubbulte jirti. Itti-aanaa pirezidaantii Faawundeshinichaa Jiil Haarkaavi ''erga lakkoofsa namoota of ajjeesanii rratti ragaa walitti qabu eegalee kaasee baayyinni dhiirootaa dabalaa jira,'' jedhu. Gochi ofiin of ajjeessu kunis biyyoota baayyee keessatti ifatti hinhimamu. \kun ammaa sababii isaa akka hinqoratamneef danqaa ta'eera. Lakkoofsi dubartoota of ajjeessuuf yaalani akkasuma baayyee ta'ulleen, haalli gara jabiinaa warri dhiroonni ittiin of balleessan caalaa sukkaneessaadha.
Fakkeenyaaf, biyya ameerikaatti namoota 10 meeshaa waraanaa qaban keessaa 6 dhiiroota. Garuu maaf dhiiroonni? Dubartoonni rakkinsaanii firaafi hirriiyyaatti akka himan amanamaadha. Warri dhiiraa garuu keessootti qabachu baayyiisu. Jechi kunis irra dedebiin himama, garuu hundaaf dhugaadhaa laata? Biyyoota guddatan jedhamaniifi kanneen guddinarratti argamaniitti dhiiroonni cimoo waan ta'aniif rakkina keessa jiraachu amanuu akka rakkatan ta'anii guddifamau. ''Dhiirri hinbohu jechaa guddifne'' jedhu lammiin Awustiraaliiyaa damee kana qoratan Kolmaan Odiriiskool. ''Miira ofii ibasachuun dadhabbii taasifamee, ijoolleen dhiiraa miirsaanii akka hinibsanneef daangaa itti goona'' jedhaniiru. ''Haadhooliin ijoollee shamarranii isaanii waliin ifatti mari'atu. Dubartoonni akka bohan, sodaatan eegamu.'' Darbee darbees warri dhiiraa oggeessa bira deemanii rakkina isaanii ibsachuun fala barbaachurra, ofiin mala barbaachuun akka isaan mijatu dubbatama. ''Warri dhiira akkuma dubartootaa rakkinni osoo isaan hin mudatiin hafee miti. garuu xiyyeeffannaa hinkennaniif. Rakkiinni dhiphachuu ykn dhukkuni sammuu nu mudate jedhanii hinyaadan,'' jedhu oggeessi kun. Qorannoon Jiil fi waahiloonni isaa gaggeessan akka mullisuutti, lammiilee Ameerikaa of ajjeessan keessaa harka 1 sadii qofatu rakkina sammuu akka qaban kan mirkanaa'e. ''Keessattu gochiiwwan akka qoricha sammu hadoochutti fayyadamufi dhugaatii alkoolii baayyisuun dhiirootaaf malawwan dhiphannaa ittiin ofirraa ittisaniidha. Garuu gochi akkasii fala waaraa hin ta'an.'' Dhimmoonni maatiifi hojiin walqabatan kanneen dhiirota gara of ajjeessuutti geessan keessaayi. Fakkeenyaaf biyyi dinagdeen dadhabe tokko keessatti dhiiroonni hojii dhabuun kan ka'e of ajjeessu danda'u.
Fakkeenyaaf biyyi dinagdeen dadhabe tokko keessatti dhiiroonni hojii dhabuun kan ka'e of ajjeessu danda'u. Akkasumas dhiibbaa hawaasaafi rakkina eenyummaan walqabatee sababa biraa of ajjeessuuf akka maddaatti galmaa'eedha. Keessattuu dargaggoonni hiriyoota isaanii waliin haala jireenyaasaanii madaalan balaa cimaaf saaxilamu danda'u. Walumaa galattis haala dhiiroonni rakkina isanii itti hubataniitu adda ta'e malee, dubartoonnis jireenya walfakkaataa keessa darbu jedhu qorataa Jiil. Gochi of ajjeessuu kun baayyee walxaxaa waan ta'eef akkasumaan fala tarreessuun hindanda'amu. Falli guddaafi filatamaan garuu komunikeshinii cimfachuudha. Namoonni waa'ee jireenyasaanii akka dubbatan taasisuu, deegarsa barbaachisu taasisuufii, wayita marisiisan xiyyeeffannaa kennuufiin barbaachisaadha. ''Keessattu warra dhiiraatiin waan isaaniitti dhagahamu ibsachuun barbaachisaa ta'u itti mullisuudha. Isarra darbees waan isaaniitti dhagahamu baasanii dubbachuu mallattoo ciminaa ta'usaa mirkanneessuufiin barbaachisaadha,'' jedhu Kolmaan Odiriiskpl. Wanti dagatamuu hin qabaannee kan biraa ammoo, gochi of balleessuu dhiroota miseensoota maatii kan biraatiifis kan miidhaa qabaatu ta'usaati. Filannoowwan rakkina keessa jiraatamu ittiin furaman kan biraa jiraachu hubachiisuun barbaachisaa ta'a.
Daa'imni hin dhalanne mirga attamii qabdi? Daa'imni garaa haadhaa keessa jiru Seera Itoophiyaatiin namoota kaan wajjiin mirga walqixa qabaa? Mirgoota isaan qabaniifi hin qabne irratti ogeeyyii seeraa gaafanneerra. Seeraa fi Heera biyya Itoophiyaarratti mirgi ifatti taa'ee akka hin jirre Mana Murtii Waliigala Oromiyaatti abbaa seeraa kan ta'an obbo Guddataa Qajeelaa ni dubbatu. Mirga daa'immanii jedhamee kan keeyyata 36 jalatti tarreeffame mirga daa'imman dhalatanii lubbuun lafarra jiranii malee, kan daa'ima garaa haadha keessa jiranii hin ibsuu jedha. Maaliif jennee gaafannaan qajeelfamaarratti namni mirgasaa gaafachuu kan danda'u guyyaa dhalatee kaasee amma lubbuun du'uutti jechuudhaan seerri Hariiroo hawaasa bara 1960 bahe tumuu akka ragaatti kaase. Yoo xiqqaate sa'aatii 48 turuu qaba akka lubbuun turuu qabu kaasa. Daa'imni garaa haadha keessa jiru mirga warraasaa dhaalu qabaa kan jedhuufis deebii qabu. Warraa dhaaluuf sa'aatii 48 ol lafarra lubbuun turuun dirqama ta'u ibse. Kanaafuu, daa'imni hin dhalanne mirga dhaala argachuu wabii seeraan tumame hin qabatu. Mirgoonni kunneen ittisa yakkaa, tumaa hariiroo keessatti ibsamu kaase. Yoomirraa eegalee eegumsi taasifamaaf? Daa'ima jechuun seerri biyyattiin ganna 18 gadi kanneen jiraan ta'uu akka ibsu kan dubbatu ogeessi seeraa Guddataan, yoomirraa eegalee daa'ima jedhamu akka eegalan daangaa olkaa'ee akka hin qabne dubbatan. Guyyaa micireen uumamee/uumamtee torban tokkoo booda fi kanneen erga dhalattee booda daa'ima jedhanii falmanillee jiraachuu kaasan. Konveenshiniin mirga namoomaa Ameerikaa daa'imman sadarkaa micireetti jiraniif eegumsa akka godhuttis eegumsa karaa seeraa qabachuu qabaa jedha.
Seerri biyyatti irraa caala mirgaa haadhaaf akka dursa kennu, amma fayyaa haadha rakkoorra hn buusnetti daa'imnis mirga lubbuun dhalachuu akka qabu kaase. Ulfaa baasuun dhorkaadha ta'us, seera yakkaa keeyyata 545- 550 tumamu ibse. Tumaa seeraa kana darbuun hidhaa guyyaa 10 amma waggaa 5 gidduu nama adabsiisu jedhe. Ulfa karaa seera qabeessaan baasuun akka danda'amu seerri biyyatti ni eeyyama. haa ta'u malee haaldureen guutamuu qaban jiru.kan jalqabaa micireen haala umamaa sirriin yoo hin qabaannee, sababni biraan immoo gudeedamuun haati wayita ulfoofte, alkkasumas, da'uufis qaamaan gaheetti yoo hin taane ulfa baasuun ni eeyyama. Haati guddisuuf gahumsa kan hin qabaanee rakkoo sammuu ogeeyyin mirkna'ee qabdus ulfa baasuun akka eeyyamamuus itti dabalee himeera. Ulfa akkaata tumaa seeraan alatti baafamuuf abbaa alangaatu himannaa banee falmuufi jedha. Abbaan seeraa Guddataan,mana murtiitti dubartoonni gudeedamanii da'aanii guddisuuf akka yeella'aan, humna ittiin guddisan kanneen hin qabne ,carraa deebi'anii heerumuusaanii akka cufuu himatan ulfaa kanneen baasan dubartootni jiraachu dubbatu. Daa'imman sadarkaa ulfaatti jiran kanneen dhalatan wajjin eegumsa seeraa walqixa hin qabani jedhee akka yaadu ogeessi seeraa Guddataan himeera. Labsiin idila addunyaa mirgoota daa'immanii ilaallatu Itoophiyaan mallatteessite ''daa'imma garaa haadha keessattis ta'e, dhalatan eegamu akka qaban labsame. dhimmi ulfaa baasuun wal qabatu falmisiisadha. Sirna Gadaa keessatti mirgoonni micireen garaa haadhaa keessaa jiru qabu maal fa'aa akka ta'e Walitti qabaa abbootii Gadaa Oromiyaa fi abbaa GadaaTuulamaa duraanii Bayyanaa Sanbatoo gaafanneerra. Sirni gadaa guutummaatti ulfa baasu akka dhorku dubbatani.
Sirni gadaa guutummaatti ulfa baasu akka dhorku dubbatani. Daa'imni garaa haadha rakkoo umamuuratti yoo qabatees hin ulfi hin baafamu jedhu. Daa'imni haadha fi abbaa firooma dhiigaa qabanirraa uumames wayita dhalatu safuu irraa baasanitu jira malee ulfi hin baafamu jedhan. Namni ulfa baase gumaa lubbuu baasa jedhu. Daa'imni dhalatee yoo lafa gahee malee dhaalli akka hin kennamneef himan. Ammaa dhalate lafa gahutti garuu, kunuunfamuuf mirga qabaachuu fi haatii waan ulfa baasu akka hin fayyadamne seerri gadaa akka eeyyamuuf himan. Ulfa baasuun amantii fi seera biyyoota gargaraa keessatti dhimmoota wal famisiisaa ta'an keessatti ramadama.
'Jiraachuu keetu murteessaadha' ''Namni si jaalatu jira, galgala kana akka mana dhuftu namni barbaadu jira.'' Qonnaan bulaan Ameerikaa Joon Goovin barana dhaamsa abdii namatti horu ooyiruu qonnaasaarratti haala ergaa dabarsuu isa dandeessisuun tooraan facaasee ergaa isaa dhaammateera. Goviin dizaayinii ooyiruu qonna boqqolloo isaa keessatti tooraan facaasuun dhimma of ajjeesuurratti hubannoo uumuuf yaaleera. Suura isaas feesbuuk irratti gadhiisuun jireenya namoota hedduu tuqeera. UK'n of ajjeessuu ittisuuf ministira muudde Barbaannaan biyyi du'uuf seerri heeyyama kennu jiraachu beektuu? Dhaamsi isaas'' jiraachuu keetu murteessa, waa'ee of ajjeesuu haasa'i'' jedha wayita dubbifamu. Barreeffamasaarratti lakkoofsa bilbilaa of ajjeesuu hambisuurratti gorsi itti kennamus barreesseera. Maanguddoon ganna 55 kun BBC ttti akka himanitti , yaadni kun kan dhufeef ''miseensi maatii kootii tokko jalqaba bara kanaa ji'a Amajjiitti ofajjeesuun booda ture'' jedhan. Sirna awwaalchaa miseensa maatii isaanii kanarratti ta'uus dubbatu. ''Wixinee daandii ooyruu boqqolloo keessa deemanin ergaa hiika qabdu maatiif ittin dabarsiina'' jedhan. Waggaa darbe haadha koo dhibeen waa nama dagachiisuu (Alzheimer) qabeef midhaan tooraan facaaseen ergaa dabarseefiin ture. Toora Feesbuukiirratti ''of ajjeesuun wantoota nu mudataniifi waayee isaa baruun nurra jirudha'' jedhan. ''Jijjirama jireenya namarratti fiduu dandeenya jedheen abdadha, gatii qabachuusaani akka hubatan deeggara jennee abdanaa!'' jedhan. Goovin lafa heektara 10 irratti dizaayiniin ergaa kana akka qabaaatu ta'e hojjetame kun Kaampanii Utahaa keessatti argamu MAiZE jedhamuun hojjatame jedhan.
Goovin lafa heektara 10 irratti dizaayiniin ergaa kana akka qabaaatu ta'e hojjetame kun Kaampanii Utahaa keessatti argamu MAiZE jedhamuun hojjatame jedhan. ''Namoonni 4 suura Diroonii fayyadamuudhaan sa'aatii afurii amma shaniii gidduutti suura kana kaasanii. Hiriyyaan koo buufata xiyyaara bira jiraatu fi xiyyaara balalisisuu suura muraasa kaafatera '' jedhan. Goovin yaada namni kennuufitti gammaduus dubbate. ''Ani qonnaan bulaadhuma handhuura Ameerikaa jiraatu garuu, dhaamsa kanaan jiruu nama hedduu qaqqabuutti nan gammadaa jedhu. ''Suuraan tokkittiin dhiibba ammasii uumti jedhee yaades hin beeku '' jedhan. Toora Feesbuukirratti namoonni hedduun waliiif qoodanii kalaqa ergaasaatiif dinqisiifachaa, ofballeessuun jireenyasaanii akkatti miidhe ibsuu jedhe. '' Obboleessi kee of ajjeesuun wantoota jireenya keessatti si qunnaman keessaa isa jabaadha, nama jaalattu dhabuun ammoo gadda laphee namaa cabsuudha. Toora hojjettee ergaa dabarsite kanaaf atillee galatoomi'' jedhe namni tokko feesbukiirratti yaada kenneef. ''Namni biraanimmoo'' kuni baayee na jeeqa! Maatiin koo yeroo baay'ee rakkoo kanaaf saaxilamaniiru. dhaamsa cimaadha dhuguma jireenya keetu murteessa, galatoomii !'' jedheen.
Biil Geets tarree dureeyyii addunyaa keessaa of baasuuf waadaa seene Biiliyanariin beekamaa addunyaa kanaa Biil Geets qabeenya isaa arjoomuun dhumarratti tarree dureessota addunyaa keessaa akka ‘bahu’ kakate. Hundeessaan dhaabbata ‘Micrsoft’ doolaara biiliyoona 20 tahu dhaabbata tola ooltummaasaa deeggaruuf akka oolchus hime. Dureessi akka addunyaatti sadarkaa arfaffaarra jiru kuni qabeenyasaa deebisee uummataaf kennuuf ‘dirqama’ akka qabu hime. Obbo Geetis qabeenyasaa arjoomuuf kan waadaa gale bara 2010tti yoo tahu ergasii qabeenyisaa dachaa ol dabaleera. Yeroo ammaa hammi qabeenyasaa biiliyoona 118 akka baasu gabaasni baruullee Foorbis hima. Arjooma amma jedhu dhaabbata tola oolaa maqaasaafi haadha warrraasaa duraaniin bara 2000tti hudeeffame ‘Bill & Melinda Gates Foundation’ dhaaf yoo kenne tarree sooreyyii irraa gadi bu’uu mala. Obbo Geetis ergaa Tiwiitar irratti barreesseen sababa weerara koronaavaayirasii, waraana Yukreeniifi jijjiirama haala qilleensaa dabalatee rakkoo addunyaa mudateen dhabbanni tola oolaa kuni baasiin isaa biiliyoona 6 irraa bara 2026tti gara biiliyoona 9tti guddata. "Fuulduratti yoon yaadu, qabeenya koo sadarkaa hunda jedhamuun dhaabbata tola-ooltummaa kanaafin kennuuf karoora qaba,’’ jedhe. ‘’Haala kanaan suuta sadarkaan koo gadi-bu’a, dhumarratti tarree sooreyyii addunyaa keessaan baha,’’ jedhe. "Qabeenya koo 'dirqama' hawaasaaf deebisee kennuun qaba. Kanas gidiraa namootaa hambisuufi jireenya namoota akka foyyeessuttin gochuu barbaada. Namoonni kaan kan qabeenya guddaa qaban ana hordofu jedheen yaada,’’ jedhe namni kuni. Dhaabbanni ‘The Gates Foundation’ biyyoota addunyaa garagaraa keessatti dhukkuba busaa balleessuu, barnoota fooyyeessuufi qulqullina irratti hojjeta.
Dhaabbanni ‘The Gates Foundation’ biyyoota addunyaa garagaraa keessatti dhukkuba busaa balleessuu, barnoota fooyyeessuufi qulqullina irratti hojjeta. Bara 2020tti dhaabbata tola oolaa guddaa lammaffaa addunyaa ture, doolaara biiliyoona 49.8 baasas jedhameera. Dhaabbanni kuni hojii gaarii hojjetullee, namoonni qabeenya dhuunfaa horachuuf itti fayyadamaniiru kan jedhanis qeeqanis jiru. UN’f qarshii arjoomuuudhaannis dhaabbata dhuunfaa isa guddaa dha. Obbo Geetis bara 1995-2010tti akkasumas bara 2013-2017tti dureessa addunyaa kanaa jedhamuun baruulleen Foorbis maqaa dhaheeraanii. Bara 2017tti hundeessaan Amaazoon sadarkaa tokkoffaa kan irraa fudhate yoo tahu, bara 2022tti immoo hogganaa dhaabbata konkolaataa Teslaa Ilan Maaskituu akka addunyaatti duroomaan dursaa jira.
Dubartoonni Afrikaa balaa guddaa maatii isaaniin ajjeefamuu jala jiru - UN Afrikaa keessatti dubartoonniifi ijoolleen durbaa balaa guddaa nama isaanitti dhiyaatuun ykn miseensota maatii isaanii birootiin ajjeefamuu yaaddessaa ta'e jala akka jiran Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii (UN) ibse. Dhaabbileen UN gabaasa baasaniin akka mul'isanitti, Afrikaan uummata qabdu keessaa dubartootarratti haleellaan raawwatamu akkaan guddaadha. Bara darbe keessa guutummaa addunyaatti dubartootaafi ijoollee durbaa 45,000 ta'an jaalallee (namootti itti dhiyaataniin ykn miseensota maatii isaaniitiin ajjeefamaniiru. Kana jechuun ammoo tokkoo tokkoo sa'aatii keessatti dubartoonni ykn ijoolleen durbaa shanii ol ta'an jaalallee ykn miseensa maatii isaaniitiin ni ajjeefamu jechuudha. Mootummoota Gamtoomaniitti Dhaabbanni To'annoo Qoricha Sammuu Adoochuufi Yakkaa, akkasumas Waajira Dhimma Dubartootaa ibsa waloo baasaniin lakkoofsi dubartootaafi ijoollee durbaa waggaatti jaalalleewwaniifi miseensota maatii isaaniitiin ajjeefamanii rifaasisaa ta'uu isaatiin olitti lakkoofsi sirriin kanaa ol ta'uuyyu ni danda'a jedhan. Ajjeechaan dubartootaafi ijoollee durbaarra jaalallee isaaniifi miseensota maatii isaanii birootiin raawwatamu kun ardiidhaan yeoo qoodamu, Afrikaan 17,200 qabattee lamaffaarratti yoo argamtu, Eeshiyaan 17,800 qabachuun sadarkaa tokkoffaarratti argamti. Ameerikaatti 7,500, akkuma kana ammoo Awurooppaatti 2,500 kan ta'a yakki walfakkaataan raawwatameera. UN ajjeechaawwan akkasii kana ittisuudhaaf, qaamoleen nageenya jaarmiyaalee mirgoota namoomaa dubartootaaf dhaabbataniifi quuqamaniif eegumsi barbaachisaan akka taasifamuuf waamicha dhiyeesseera. "Mootummoonni addunyaarra jiraniifi michoonni dhaabbileen akka mirgoonni ubartootaa kabajamuuf hojjetaniif deeggarsa barbaachisaa akka taasisaniif nan gaafadha," jechuun UNtti Daarektarri Olaanaa Dhimma Dubartootaa Simaa Baahus dubbataniiru.
"Mootummoonni addunyaarra jiraniifi michoonni dhaabbileen akka mirgoonni ubartootaa kabajamuuf hojjetaniif deeggarsa barbaachisaa akka taasisaniif nan gaafadha," jechuun UNtti Daarektarri Olaanaa Dhimma Dubartootaa Simaa Baahus dubbataniiru. Gabaasni UN kun ifa kan ta'e Sadaasa 25, 2022 irraa kaasee guutummaa addunyaa irratti sochii farra miidhaa saala irratti hundaa'e guyyoota 16f gaggeessuuf yeroo jalqabamettidha.
Sudaan: UN ajjeechaan Daarfur keessatti namoota 168 irratti raawwate haa qoratamu jedhe Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii ajjeechaa namoota 168 walitti bu'insa Daarfur keessatti uumameen mudatee akka qoratamu jedhe. Bakka Bu'aan Addaa UN, Voolkeer Perzis jeequmsa Lixa Daarfur naannoo Kirinki jedhamtu keessatti mudate balaaleffataniiru. Yeroo walitti bu'insichaa keessa manneen jireenyaa abiddaan gubataniiru, hospitaalonni haleelamaniiru, akkasumas qabeenyi saamameera jedhe. Walitti bu'insa kanaan namootni 100 caalan irra miidhaan qaamaa gaheera jedhe gareen deeggarsaa walabaa, Qindeessaa Waliigalaa Baqattootaa fi Buqqaatotaa Daarfur jedhamu. Dhaabbileen mit-mootummaa hedduun akka jedhanitti, walitti bu'insa namoota dhuunfaatu lola tikfattee bultoota Arabaa fi miseensota hawaasa Masaalit, kan lakkoofsaan xiqqaa tahan naannoo Kirinki jedhamtu keessa jiraatan gidduutti kaase jedhan. Qondaalonni Sudaan humna furguggifamaa hamaa jedhaman 'Rpid Support Forces' - kana dura maqaa Janjaweed jedhamuun kan waamaman naannichatti bobbaasaniiru gabaasaaleen jedhan jiru. Waldaan Koree Qaxxaamura Diimaa Idil-addunyaa rakkoon deeggarsa namoomaa guddaan naannichatti mudachuu ibsuun, namootni dhukkubsatanii fi miidhaman akka deeggarsa argataniif eeyyamamuuf qaba jechuun waamicha godhe. Waggoota kurnan lamaan dura humni amma naannichatti bobba'e jedhamu 'Janjaweed' naannicha keessatti ajjeechaa hamaa gaggeessaa ture. Bara 2007, Ameerikaan ajjeechaan hidhattoota kanaan Daarfur keessatti raawwataa jiru duguuggaa sanyiiti jette. Waggoota sadii keessatti namoota nagaa 200,000 akka ajjeesan ibsuun. Kana hordofee Manni Maree Nageenyaa UN, akka hidhannoo hiikkatan gaafate. Bara 2008 keessa Manni Murtii yakkaa Idil-adunyaa pirezidaantiin Sudaan yeroo sanaa Omar al-Bashir tahe jedhee ajjeechaa, gudeeddii fi biyyaa baasuun gosa Afrikaa Daarfur keessa jiraatan balleessaa jira jechuun yakka duguuggaa sanyiin himata irratti bane.
Bara 2008 keessa Manni Murtii yakkaa Idil-adunyaa pirezidaantiin Sudaan yeroo sanaa Omar al-Bashir tahe jedhee ajjeechaa, gudeeddii fi biyyaa baasuun gosa Afrikaa Daarfur keessa jiraatan balleessaa jira jechuun yakka duguuggaa sanyiin himata irratti bane.
Muddama Raashiyaa-Yuukireen: Walgahii Mana Maree nageenyaa UN irratti humnootni gurguddoo lamaan addunyaa walitti bu'an Raashiyaa fi Ameerikaan walgahii Mana Maree Nageenyaa UN dhimma Yuukireen mari'achuuf taa'ame irratti walitti bu'an. Raashiyaan loltoota ishee daangaa Yuukireen irra qubachiisnaan Ameerikaan wal gahicha waamte. UNtti ambaasaaddara US kan tahan Liindaa Toomaas Giriinfiildi bobbiin waraanaa Raashiyaa kun Awurooppaa keessatti waggoota kurnan keessatti kan mul'atee hin beeknedha jedhan. Gitni ishee Raashiyaa ammoo US dhimmicha akka malee hammeessuun dhimma keessoo Raashiyaa keessa galte jechuun himatan. Raashiyaan Yuukireen kan weerartu taanaan US fi UK'n qoqqobbii dabalataa irratti dabarsuuf qophii tahuu himaniiru. Sekiretariin Dhimma Alaa UK Liiz Tiraas, qoqqobbii namoota dhuunfaa fi dhaabbilee biizinesii irratti xiyyeeffatu caalaa kan biraa dabarsuuf seerri qophaahuu himan. Qondaalonni US kan jedhan qoqqobbiin amma dabarsuuf jedhan namootni dhuunfaa Kiremiliin waliin hariiroo qaban sirna faayinaansii idil-addunyaa irraa akka citan godha. Raashiyaan loltoota 100,000 tahan, taankii, meeshaa waraanaa gurguddaa fi misaa'ela naannoo adda Yuukireen qubsiifteetti. Gidduudhaan ammoo karaa dippilomaasiin furuuf hojiiin eegalame itti fufeera. Ministirri Dhimma Alaa US, Antoonii Biliinkeen Kibxata har'aa gita isaanii Sergee Laavroov waliin Ameerikaan muddamicha tasgabbeessuuf gaaffii dhiyeesiteef Raashiyaan deebii barreeffamaan naaf deebisteetti jette. Dubbii himaan Dhimma Alaa US, deebii isaanii irratti ifatti mari'achuun ''bu'aa qabeessa hin tahu'' jedhan. Itti dabaluun US ammas guutummaatti mariidhaan hiikuutti kan amantu tahuu himuun, ammas Yuukireen dabalatee michoota ishee waliin kan mari'attu tahuu himan.
Akkasuma Kibxata har'aa, MM UK Booris Joonsan gara magaalaa Yuukireen, Kiyeevitti imalu. Joonsan atakaaroo Raashiyaa kanaaf furmaata karaa dippilomasii fiduu fi ''dhangala'uu dhiigaa hanbisuuf'' pirezidaantii Yuukireen Volodmiir Zeleniskii waliin hojjechuuf waadaa seenaniiru. Wal gahii Mana Maree nageenyaa UN Wiixata gaggeeffame irratti Ambaasaaddarri Raashiyaa Vaasilii Nebenzya Raashiyaan tarkaanfii waraanaa Yuukireen irratti fudhachuuf karoorsuu ishee kan agarsiisu ragaan hin jiru jedhan. Loltootni isaanii bobbaafamuus UN hin mirkaneessine. Raashiyaan yeroo baay'ee loltoota ishee daangaa ishee keessa bobbaasti, kun ammoo Waashingitan kan ilaallatu hin qabu jedhan. Raashiyaan dhimma kana irratti UN wal gahii banaa tahe akka hin gaggeessineef dhorkaa turte. Garuu sagalee caalmaa kudhanii fi lamaan murtaa'uun gaggeeffame. Bulchiinsi Baayiden ''dhiibbaa gochuun, muuddamni akka dabalu gochaa jira,'' jedhan Obbo Nebenzyaan. ''Dhimma biyya keenya keessa galuun fudhatama hin qabu, haala qabatamaa naannichaa fi sababa muddama kanaa irratti hawwaasa idil-adunyaa gar-malee hubachiisuudha.'' Toomaas Giriinfiildi ammoo Raashiyaan Yuukireen weerarraan deebiin isaa ''hamaa'' taha jette. ''Waggoota kurnan keessatti sochii waraanaa isa guddaadha,'' jette. ''Akkuma dubbanne Raashiyaan humna waraanaa fi meeshaa waraanaa dabalataa ergaa jirti.'' Moskoon lakkoofsa loltoota ishee Beelaarus, karaa daangaa Yuukireen gara Kaabaa qubachiifte gara 30,000tti guddisuuf karoorfachuus himan. Wiixata Ameerikaan ''qophiin waraanaa Raashiyaa hin baratamne mul'ataa jira'' jechuun maatiin hojjettoota mootummaa Ameerikaa Beelaarus jiran akka bahan ajajje. Mooskoon biyyootni Lixaa akka Yuukireen miseensa Nato hin taane akka waadaa galaniif barbaaddi.
Mooskoon biyyootni Lixaa akka Yuukireen miseensa Nato hin taane akka waadaa galaniif barbaaddi. Miseensotni Nato yoo waraanni baname akka Yuukiren gargaaran himaniru. Fedha Raashiyaa kana ammoo Ameerikaanis hin fudhattu. Miseensota Nato 30 keessatti US, UK akkasumas kana dura qaama Sooviyeet Raashiyaa kan turan Lithuania, Laatviyaa fi Estooniyaan argamu. Raashiyaan loltootni Nato Baha Awurooppaa keessa akka socho'an arguu fi nageenya isheef sodaachisaa akka tahan himte. Raashiyaan bara 2014 Kireemiyaa ofitti dabalte. Garee finciltootaa Baha Donbaas qabatanis deeggarti. Waraanicha keessatti namootni 14,000 tahan ajjeefamaniiru.
Manni Maree Nageenyaa UN Itoophiyan hojjattota dhaabbatichaa ari'uu morme Manni Maree Nageenyaa (UNSC) dhimma naannoo Tigraay ilaalchisee ajandaa 'Nagaafi Tasgabbii Afrikaa keessaa' jedhu jalatti kora banaa Roobii taa'een, Itoophiyaan hojjattoota UN biyyasheetii ari'uu mormeera. Barreessaan Ol-aanaa Mootummoota Gamtoomanni (UN) Antooniyoo Guteereez kora irratti ibsa kennaniin, Itoophiyaan hojjatoota UN biyyasheetii ari'uu hin dandeessu; kana gochuusheetiin ammoo seera idil-addunyaa cabsiteetti jedhan. Itoophiyaan hojjatoota UN biyyasheetii ari'uun chaartera dhaabbatichaa kan cabsedha kan jedhan Barreessaan Ol-aanaa UN kun, mootummaan Itoophiyaa yakka raawwataniiru jedhu yoo qabaatee barreeffamaan yaa dhiyeessu jedheera. "Miseensota UN ari'aman torba ilaalchisee ragaan mootummaa Itoophiyaatiin dhaabbata UN kamiifiyyu dhiyaate jiraannaan, ani koppii isaa tokko argachuun barbaada. Sababiin isaas, ani waa'ee isaanii wantan beeku hin qabu," jedhan Guteereez. Jimaata darbe Ministira Muummee Itoophiyaa Abiy Ahimad waliin si'a lama akka waliin dubbatan kan kaasan Guteereez, ari'amoo aanga'ootaa irratti ragaa akka erganiif gaafachuu himan. "Hanga ammaatti gaaffii [ragaa dhiyeessuu] gaafadheef deebii hin arganne," jedhu. Walitti bu'insi kun akka dhaabbata, gargaaarsi namoomaa nama barbaachisuuf hunda bira akka gahuuf, Itoophiyaa keessatti karaa mariitiin rakkoon akka furamu waan hunda ni goona kan jedhan Antooniyoo Guteereez, "Namoonni osoo rasaasaan du'anii ykn beelaan du'anii ilaaluu hin qabnu," jechuun dubbatan. Kora Mana marii Nageenyaa UN kanarratti bakka bu'aan mootummaa Itoophiyaa Ambaasaaddar Taayyee Asqe-Sillaasee ammoo, ejjennoo Itoophiyaafi sababoota miseensonni torban UN ittiin ari'aman jedhan dhiyeessaniiru. Hojjetoonni UN ari'aman kunneen lakoofsa namoota miidhaman jedhamee akka malee ol kaasuu, sababa beelaatiin akka namni du'etti uumuu, akkasumas mooraa UN eegumsi taasifamuuf keessatti finciltoota hidhatan hafeeruu ibsuun, maaliif akka ari'an tarreessaniiru Ambaasaadar Taayyeen.
"Yakkawwan hedduu" eeruudhaan, hojjetaan UN dhaabbata alaa irraa qajeelfama gaafachuus ta'e fudhachuu, akkasumas odeeffannoo sababa itti-gaafatamummaa irra jiraniif argatan kamiyyu qooduu hin qaban," jedhan Ambaasaaddar Taayyeen. Itoophiyaan 'eenyu akka seenu, akka bahuufi turuu dana'u' murteessuudhaaf mirga walabaa qabdi kan jedhan Ambaasaddar Taayyeen, seerawwaniifi dambiiwwan idil-addunyaa jiran gara garaa eeruun tarkaanfiin biyyattiin fudhatte bu'uura seeraa qabaachuu ibsaniiru. Biyyoota miseensa UNSC 14 ta'an kora kanarratti hirmaatanii yaada isaanii dhimmicharratti yaadasaanii kennaniiru. UN'tti Ambaasaaddar US Lindaa Tomaas-Giriinfiil mootummaan Itoophiyaa maal na dhibdiidhaan hojjetoota UN murteessoo ta'an torba ari'uun mana maree kanaaf, UN fi biyyoota miseensota ta'aniif akkasumas duudhaalee namoomaa waliin qabnuuf arrabsoodha jedhan. Hojjetoonni UN Itoophiyan ariite kunneen daa'imman dabalatee lammilee biyyattiif gargaarsa namoomaa dhiyeessuun lubbuu baraaruuf hojjechaa jiru waan ta'eef haala kamiiniyyu sababiin fudhatama kan hin qabnedha jedhuun, "Tarkaanfii Itoophiyaan fudhatte kanaaf sababiin dhugoomsu hin jiru. Tasa hin jiru," jedhan Ambaasaaddar Lindaan. Ariisaan hojjetoota UN hin eegamne kun itti fufiinsa dhorkaa caalaa hammaachaa jiruuti kan jettu bakka buutuun US kun, mootummaan Itoophiyaa tarkaanfii isaa kana akka keessa deebi'ee ilaaluuf gaafataniiru. Haala amma Itoophiyaa keessa jiru beela Somaaliyaa keessatti bara 2011 uumame waliin wal fakkeessuun ibsan Ambaasaaddar Lindaan. "Beela yeroo sanaa sodaachisaa akka ta'etti yaadanna. Osoo akeekkachiifni jiruu namoonni 25,000 ol du'an. Waan uumamuu hin malle ture. Beelli gonkumaa uumamuu hin qabu," jedhan.
Beelli gonkumaa uumamuu hin qabu," jedhan. Waggoota sadiin dura Itoophiyaan biyyoota Afrikaa saffisa addaan guddachaa jiran abdii guddaa qabduufi jijjiirama dinagdeefi siyaasaa fidaa jirtudha jechuun dubbachaa turre kan jettu Ambaasaaddar Linaan, amma garuu "wanta rifaasisaa ta'e dirqiin gudeeduu akka meeshaa waraanaatti gargaaramuu, miidhaawwan namoota nagaarra gahan, beela akka meeshaa waraanaatti fayyadamuu, beelli qaqqabuu, hojjetoonni UN ari'amuu; Itoophiyaanonni Itoophiyaanota ajjeesuu," ta'ee jira jetti. Kun ammoo garee biyyoota addunyaa keessatti hawaasa addunyaarraa adda bahuun ummata isaanii irraan miidhaa geesisanitti makamuuf daandii gaggeessitoonni Itoophiyaa fialataniha jedhan Ambaasaddar Lindaan. Kora kana pirezedaantummaan kan gaggeessite Keeniyaa yoo taatu, biyyoonni akka korri kun taa'amuuf gaafatan ammoo Istooniyaa, Firaans, Ayerlaand, Noorwey, UK fi US turan. Erga waraanni Kaaba Itoophiyaatti jalqabee kaasee dhimma biyyattiirratti miseensonni UNSC kora taa'uun isaanii kan Roobii galgala kun si'a kurnaffaa ta'uu isaati. Erga Itoophiyaan Fulbaana 30 aanga'oonni UN ol-aanoon torba saatii 72 keessatti biyyasheetii akka bahaniif ajajjee ammoo korri amma taa'ame kun kan lamataati.
UNtti ambaasaaddarri US bakka bu'aa AU Gaanfa Afriikaa waliin mari'atan Dhaabbata Biyyoota Gamtoomaniitti Ambaasaaddarri Ameerikaa Liindaa Toomaas Giriinfiild Gaanfa Afrikaatti bakka bu'aa Gamtaa Afriikaa kan ta'an Pirezidaantii duraanii Naayijeeriyaa Olusegun Obasaanjoo waliin bilbilaan dubbachuu ibsan. Ambaasaaddar Liindaa Toomaas Giriinfiild tiwiitarii isaanii irratti ergaa barreessaniin Obasaanjoon Gaanfa Afriikaa bakka bu'uun Gamtaa Afriikaatiin muudamuu simataniiru. Aab Obasaanjoo waliin walarguutti gammaduu kan ibsan ambaasaaddarattiin, qaamolee Itoophiyaa keessatti araara buusuuf hojjetan akka tumsan himaniiru. Waraanni Tigraay marii nagaatiin akka goolabuu qabus dhaaman. Gameessi siyaasaa Naayijeeriyaa Olusegun Obasaanjoo marii nageenyaa akka milkeessaniif haala mijeessuudhaan akka bira dhaabbatanis himan. Samaantaa Paawar bakka bu'aa Gaanfa Afriikaa Obasaanjoo waliin waraana Tigraay irratti dubbatan Finciltoonni TPLF midhaan gargaarsaa man-kuusa keessaa saaman - USAID Dhukaasi akka dhaabbatu, deeggarsi namoomaa gufuu tokko malee lammiilee rakkatanii jiran bira akka ga'uu fi mariin siyaasaa hunda hirmaachise gaggeeffamuu akka qabu dhaaman ambaasaaddarri kun. Bakka bu'aa Gaanfa Afrikaa kan ta'an Olusegun Obasaanjoo, naannawa kana keessatti qaamolee dhimmi ilaallatu hunda waliin dubbachuun nageenya waaraa fiduuf akka hojjetaniif hojiin kun Gamtaa Afrikaan itti kenname. Pirezidaantiin duraanii Naayijeeriyaa kun muuxannoo siyaasaa yeroo dheeraa kan qabanii fi tokkummaa Afriikaaf tumsuun beekamu. Haala amma jiruu fi egeree naannawa kanaaf muuxannoon isaan qaban kun murteessaa ta'a jedhee amana Gamtaan Afriikaa. Olusegun Obasaanjoo guyyoota muraasa keessatti gara naannawa Gaanfa Afriikaatti imaluun hojiisaanii eegalu. Waraanni Tigraay fi mootummaa federaalaa gidduutti eegale ji'a kudhan lakkoofsiseera, gara naannolee Amaaraa fi Affaar babal'achuun lammiilee miiliyoona walakkaa ta'an qe'eerraa buqqiseera.
Waraanni Tigraay fi mootummaa federaalaa gidduutti eegale ji'a kudhan lakkoofsiseera, gara naannolee Amaaraa fi Affaar babal'achuun lammiilee miiliyoona walakkaa ta'an qe'eerraa buqqiseera. Naannoo Affaaritti sababa waraana kanaa namoonni 112,000 caalan buqqa'uu Dhaabbati Nyaataa Addunyaa himeera. Waraanni kun naannoo Tigraayitti ammoo namoota 900,000 beelaaf saaxileera, namoonni miiliyoona shan ta'an ammoo rakkatanii harka namaa eeggatu jedha USAID. Erga waraanni Tigraay Sadaasa 4, 2020 mootummaa federaalaa fi TPLF gidduutti eegalee lammiileen nagana kumaatamaan lakkaa'aman du'aniiru.
Waraana Tigiraay: Manni Maree Nageenyaa UN waa'ee Itoophiyaa maal mari'ate? Dhaabbata mootummoota Gamtoomaaniitti Manni Maree Dhimma Nageenyaa, Itoophiyaatti rakkoo nageenyaa mudate ilaalchisee kaleessa Hagayya 26,2021 marii gaggeessera. Walitti bu'insi Tigiraay erga jalqabee as dhimma Itoophiyaa irratti manni marichaa wal gahii cufaa fi banaa hedduu kan gaggeesse yoo tahu kan kaleessa taa'ames marsaan jalqabaa gar-tokkeen banaan taa'amee boodarra marichi cufaatti gaggeeffame. Miseensonni mana marichaa yaa'ii kana irratti waa'ee Kaaba Itoophiyaa irratti yaada adda addaa kennaniiru. Barreessaa ol aanaan dhaabbatichaa Antooniyoo Guutireez, waraanni gara naannoo Amaaraa fi Affaaritti babal'ate dhaabbachuun qaamonni hundinuu gara mariitti dhufuu qabu jedhe. ''Qaamni hundinuu haal-duree tokko malee dhukaasa dhaabuun gara mariitti dhufuu qabu. Itoophiyaaf jedhanii karaa nagaa filachuu qabu. Mariin siyaasaa hundumaa hammate ni barbaachisa. Humnootni alaas biyyattii keessaa bahuu qabu.'' Antooni Guutireez torban tokko dura MM Abiy Ahimed waliin dubbachuufi naannoo Tigiraay bulchuuf aangoo seera qabeessaan qaba kan ofiin jedhu Dr Dabretsiyoon G/Mikaa'eliif xalayaa barreessuu mana maree kana irratti dubbataniiru. Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii Gamtaa Afrikaa fi dhaabbilee biroo waliin tahuun mariin hunda hammate akka gaggeeffamu deeggarsa akka kennanis himaniiru. ''Waraanni furmaata fiduu akka hin dandeenye qaamonni hundinuu beekuu qabu'' jedhan barreessaa ol aanaan kun. Kana malees haleellaawwan waraanicha keessatti raawwatan Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti Komishiniin Mirga Namoomaa, Komishinii Mirga Namooaa Itoophiyaa wlaiin tahuun qorannoon jalqaban itti fufee jiraachus himaniiru. Dhukaasa dhaabuun gara mariitti deebi'uun cinatti deeggarsi namoomaa danqaa malee akka gahu gochuu fi bu'uuraaleen misoomaa uummataaf tajaajila kennan deebi'anii akak suphamuu qaban dhaaman Guutireez.
Tokkummaan Itoophiyaa fi naannichaa rakkoo keessa galeera,'' kan jedhan barreesichi waraanichi gara naannoo Amaaraa fi Affaaritti erga babal'atee humnootni naannichaa gara biroonis akka itti seenan himan. ''Diraamaan dubbii ho'isuu fi haleellaan saba bu'uureffatee namoota irra gahu itti caaleera. Dubartootaa fi ijoolleerra haleellaan saalaa gahaa jira. Waan kana akkaanin balaaleffadha,'' jechuun wal gahii mana marichaa irratti dubbatan. Sarbama mirga namoomaan cinattis dinagdeen Itoophiyaa miidhamaa jiraachuus dubbataniiru. Baasiin biyyattii dabalaa jiraachuu, carraan liqaa argachuu xiqqaataa akkasumas dhiyeessiin midhaan nyaataa jira jedhan. Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti Ergamaa Addaa Itoophiyaa kan tahan Ambasadar Taayyee Astqesillaasee, ''mootummaan Itoophiyaa nagaa buusuuf dhukaasa gar tokkee labse TPLF akka fudhatu dhiibbaa godhamuu qaba,'' jedhan. Hawwaasni idila adunyaas walabummaa Itoophiyaa kabajuun karaa ijaaraa taheen qofa biyyattii gargaaruu akka qaban himaniiru. ''Galmi keenya nagaa buusuudha. TPLF garuu nageenyaa fi Itoophiyaa gidduu dhaabbateera. TPLF miidhamaa osoo hin taane kan haleellaa geesisudha,'' kan jedhan Ambaasadar Taayyeen hawwasni idila dunyaa TPLF irratti dhiibbaa gochuu qaba jedhan. Bakkeewan deeggarsi namoomaa irra darburratti sakatta'insa taasifamu hir'isuu fi isas meeshaa ammayyaan gochuuf hojjetamaa akka jiru himaniiru. Dabalataan balaliin namoomaas akka eeyyamamu himan. Ambaasadarichi kana kan jedhan Guutirezii fi bakka bu'aan Ameerikaa haala dhiyeessi deeggarsa namoomaa Itoophiyaa jiru waan qeeqaniif. Bu'uuraalee misoomaa akka ibsaa fi bilbilaa ilaalchisee ''tajaajila eegaluu kan danda'an nagaa fi seerri yoo kabajame qofaadha'' jedhan. Dabalataan TPLF deeggarsi namoomaa akka hin dabarre godhaniiru jedhanii gareen TPLF biyyattiitti tasgabbiin akak hin jiraanne gochaa waan jiraniif mootummaanis seera kabachiisuuf gahee isaa bahataa jira jedhan.
Haleellaa saba irratti xiyyeefate ilaalchisee '' loogiin saba irratti xiyyeeffate hin jiru. Qajeelfama qajeelfama qabna. Waggoota dheeraaf waliin jireenyi keenya kan itti fufeeru garaagarummaa keenya bu'uura kan godhateeni,'' jedhan. Wal gahicha irratti haalicha ukukubsuu fi hiika siyaasaa itti kennuun ejjennoo mootummaa Itoophiyaa kan hin jijjiirre tahuu himan. Dhukaasa dhaabuu fi marii biyyaalessaaf waamichi godhamus mootummaan Itoophiyaa loltoota isaa sochoosaa jiraachuu fi TPLF haleellicha gara naannoo Affaariif Amaaraatti babal'isuun uummatni kuma dhibbaan akka buqqa'u taheera kan jedhan bakka bu'aa Ameerikaati. Loltootni Eertiraa deebi'anii galaniiru dubbii jedhuun garee hidhattootaa bakka garaagaraa keessa socho'an waliin wal ta'insi uumamuun isaa waraana bal'aa banuu danda'a jedhamee sodaatama. Haleellaa sababa waraanaan dhaqqabuun yaaddahuu kan himan bakka bu'aan Ameerikaa hundinuu akka dhukaasa dhaabanii mariitti galan gaafataniiru. Loltootni Eertiraa haal-duree tokko malee akka gadhiisanii bahanis jedhan. Eertiraan waraana Itoophiyaa keessatti mudate itti caalchisuu keessatti qooda ol aanaa qabaachuu kan himan bakka bu'aan Ameerikaa kunis waliigaltee dhukaasa dhaabuu gochuuf danqaa tahuu isaa himan. Sarbama mirga namoomaan raawwachuun kan himatan bakka bu'ichi gidduu kana Itaamajor Shumii waraana Eertiraa irratti qoqobbii Ameerikaan dabarsite yaadachiisanii ammas osoo tarkaanfii biraan hin fudhatamiin ariitiin loltoota ishee Itoophiyaa keessaa baasuu qabdu jedhan. Indiyaan yaada wal fakkaataa kaastee waraannichi gara naannolee ollaatti babbal'achuun isaa lammiilee nagaan akka miidhamaniifi ijoolleen waraanaaf akka filaman gochuun rakkoo hamaa fidaa jiraachuu bakka bu'aan Indiyaa dubbatan. Ji'a Waxabajjii keessa Mootummaan Itoophiyaa dhukaasa dhaabuuf murtee gar-tokkee fudhate dhiyeessi deeggarsa namoomaa fooyyessuuf tarkaanfii gaarii tahuu kaasuun garuu gareen kaan dhukaasa dhaabuu fudhachuu diduun gara naannolee ollaatti geessuun miidhaan gahaa jiru dabaluu himan.
Yaalii Mmootummaan godheen dhiyeessiin deeggarsa namoomaa fooyya'aa jira kan jedhan bakka bu'aan Indiyaa, kanaafis hawaasa idila adunyaa irraa deeggarsi kennamuuf akka qabu himan. UN fi Gamtaan Afrikaas rakkinicha furuuf deeggarsa gochuu akka qaban dhaaman.Rakkoo Itoophiyaatti mudate hiikuuf Itoophiyaa matuma isheen kan gaggeeffamuu fi heera mootummaa keessatti karaa hammatamee jiruun nageenyaa fi tasgabbii itti fufinsa qabu fiduuf wal amanuu, araaraa fi marii gaggeessuu jiraachuu aka qabu himan. Mootummoota Gaamtomanii mana maree nageenyaatti yaada kan dhiyeessan bakka bu'aan Keeniyaa, biyyaa isaanii dabalatee Niijeer, Sentivinstan fi Gireenadis akkasumas Tuuniziyaa kan dabalatu ta'uu ibsuun, yaalii hogganaan mootummoota gamtoomanii taasisan dinqisiifataniiru. Bakka bu'aan kun Itoophiyaa keessatti waraana uumame ilaalchisuun ibsa bal'aa erga kennanii booda, qaamoleen hundi lammileen nagaa, keesumma dubartoota irratti miidhaa ga'uu akka dhaabsisan, gargaarsi namoota isaan barbaachisuuf akka ga'uun akka eeyyaman, dhukaasni akka dhaabbatu, waligalteedhaaf daandiin akka banamuuf manni maree biyyattii TPLF shororkeessaadha jechuun murtee ka'ee akka kaasuu fi qaamoleen hundi waliigalteef eyyaman gaafataniiru. Dabalataanis loltoonni Eertiraa Itoophiyaa keessaa akka ba'an, biyyootiin dureeyyi gargaarsa namoomaaf maallaqaa ga'aa akka gummaachan, dhabbileen idil addunyaa dinagdee Itoophiyaaf gargaarsa barbaachisaa ta'e akka dhiyeessan, Itoophiyaa keessatti kufaatii diinagdee kan fiduu danda'u qoqqobbii kamuu kaa'uu irraa akka of qusatanii fi Gamtaan Afrikaa nagaa buusuuf wanta irraa eegamuu akka hojjatuuf gaafataniiru. Bakka bu'aan Chaayinaa tasgabbiin Itoophiyaa keessa akka jiraatu taasisuu fi dhalattoonni saba adda addaa nagaan akka waliin jiraatan goochuun biyyattirra darbe, baha Afrikaafis barbaachisaadha jedhaniiru.
"Qaamoleen hundi rakkoo kana karaa marii siyaasaan ni furu jennee abdanna. Mootummaan Itoophiyaa rakkoo kana furuuf tarkaanfii fudhate Chaayinaan ni deeggarti," jedhan. Waldhabdeen sabaa hammaachaa akka dhufeefi naannoo Amaaraa fi Affaar keessatti lakkoofi namoota gargaarsi isaan barbaachisuu dabalaa dhufuu isaa ibsuun, qaamoleen hundi gargaarsi namoomaa akka ga'uuf itti gaafatamummaa isaani akka ba'aniif gaafataniiru. Naannoo Tigiraay fi nannoolee birootti dhaabbileen gargaarsa namoomaa kennan, heera Itoophiyaa akka kabajaniifi qajeelfama dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii akka hordofaniifis bakka bu'aan Chaayinaa gaafataniiru. Akka Chaayinaan gochaa jirtutti hawaasi addunyaa mootummaa Itoophiyaa deeggaruun nagaa itti fufaa fi araaraa biyyaleessaa cina akka dhaabbatuufis gaafataniiru. "Maqaa gargaarsa namoomaa jedhuun, jidduu galuun barbaachisaa miti. Rakkoon Afrikaa lammilee Afrikaan haa hiikamu," jechuun manna marichaa gaafataniiru. Itoophiyaa irratti qoqqobbin ka'aman seeraa idil addunyaa kan faalleessanii fi rakkoo kana furuurra kan hameessaan akka ta'an, haasaa isaaniin eeraniiru. Bakka bu'aan Raashiyaa gama isaaniin, gara Tigiraayitti gargaarsa erguuf daandiin Samaraa irratti ijaaramee tajaajila barbaachisuu ni keenna jedhanii akka abdatan dubbataniiru. Dabalataanis "rakkoo namoomaa Kaaba Itoophiyaa jiru dhimmaa Siyaasaa irraa adda baasuun barbaachisaadha. Tigiraayitti gargaarsa namooma ga'u irratti loogiin jiraachuu hin qabu. Naannoon Amaaraa, Oromiyaa fi Somaaleenis gargaarsi isaan barbaachisa," jechuun bakka bu'aan Raashiyaa mana marichaaf yaada isaani kennaniiru. Itoophiyaa keessatti mariin siyaasaa akka gaggeefamuu fi kunis lammilee Itoophiyaan dursamee gaggeefamuu akka qabu himaniiru. "Gargaarsi alaa heeraa Itoophiyaa fi walabummaa siyaasaa karaa eegeen keennamuu qaba," jechuunis ibsaniiru. Mootummaan federaalaa Itoophiyaa biyyatti tokkummaan gara nagaatti fiduuf dandeetti akka qabu eeraniiru.
Mootummaan federaalaa Itoophiyaa biyyatti tokkummaan gara nagaatti fiduuf dandeetti akka qabu eeraniiru. Akkuma bakka bu'aa Chaayinaas, qoqqobbii Itoophiyaa irraa kaa'ame balaaleeffachuun, miseensonni mana maree nageenyaa kun gorsaa keenname hordofuu akka qabu ciimsuun gaafataniiru.
Lola Tigraay: UN haalli naannoo Tigraay keessa jiru haalaan yaaddessaadha jedhe Mootummoota Gamtoomaniitti Komishinarri Ol-aanaa Dhimma Baqattootaa (UNHCR) fi barreessaan Manni Maree Dhimma Baqattootaa Warra Noorwey (NRC) haalli naannoo Tigraay jiru haalaan yaaddessaadha jedhan. Dhaabbata Mootummoota Komishinarri Ol-aanaa Dhimma Baqattootaa Filiippoo Giraandii yeroo daawwannaa naannoo Tigiraayitti taasisan xumuranitti haalli naannicha jiru baayyee yaaddessadha jechuun ibsa kennaniiru. Haaluma walfakkaatuun barreessaan ol-aanaa Manni Maree Dhimma Baqattootaa Warra Noorwey (NRC) Jaan Iglaand Tigiraayitti namoonni gargaarsi isaan barbaachisu haala ga'aa ta'een argachaa hin jiran jechuun BBCtti himaniiru. Mootummaan gama isaatiin garuu gargaarsa namoota qe'ee isaaniirraa buqqa'aniifi barbaachisu dhiyeessuudhaaf humna akka qabuufi qophaa'aa ta'uu isaa kanaan dura beeksisee ture. Jaan Iglaand, "Ji'oota sadan darban keessa jaarmiyaaleen gargaarsaa idil-addunyaa gargaarsa walitti fufinsa qabu dhiyeessuu hin dandeenye. Namoonni miliyoona lamatti siqaniif gargaarsi atattamaatu barbaachisa. Dhaabbileen gargaarsa namoomaa dhiyeessan hedduun galaniiru kan jedhame sobadha kan himan Igaand, keessattuu Tigraay Lixaafi Giddu-galeessatti namootaaf qaqqabuu hin dandeenye jedhan. Gargaarsa kennuun kan danda'ame daandii guddaa magaalaa Maqaleerra warra jiraniifi naannoowwan to'annoo mootummaa Federaalaa jala jiran qofaadha," jechuun BBCtti himaniiru. Lola jalqaba baatii Sadaasaatti humnootaTPLF fi mootummaa Federaalaa gidduutti uumameen lammileen miliyoonaan lakkaa'aman qe'ee isaaniirraa buqqa'uu UN beeksisuun isaa ni yaadatama. Komishinarri Ol-aanaa UNHCR Fiiliippoo Giraandii gama isaanitiin ibsa kaleessa kennaniin, namoonni gargaarsi isaan barbaachisu haalli jiru osoo to'annootiin ala hin ta'iin gargaarsi namoomaa isaan qaqqabuu barbaachisa jechuun hubachiisaniiru.
Komishinarichi daawwanna Itoophiyaatti taasisaniin MM Abiy Ahmed dabalatee aanga'oota ol-aanoo waliin wal arguu isaanii ibsaniiru. Ministirri Nagaa Aadde Mufeeriyaat Kaamiil Komishinaricha waliin gara naannoo Tigiraay deemuu isaanii fuula Feesbuukii isaanii irratti barreessanii ture. Aadde Mufeeriyaat lammileen buqqa'an Fiiliip Giraandii waliin daawwachuu isaanii ibsuun, "Dhimmoota tajaajila bu'uuraafi hawaasummaa foyyaa'uu qaban irratti bakka bu'oota waliin mariyanneerra. Tajaajila keenya caalaa foyyeessuudhaaf akka dandeenyutti abbootii dhimmaa kanarraa raawwiin gaariifi hanqina qaban hubachuudhaaf carraa isaa arganneerra," jedhan. Fiiliippoo Giraandii gama isaatiin buufataaleen baqattootaa daawwatanitti baqattoonni arganii dubbisan miidhaan saala waliin walqabate isaanirra ga'uu akka gabaasaniif dubbachuun, miidhaan saala waliin walqabate lakkoofsaan kaa'uun akka hin danda'amnes ibsaniiru. Giraandiin, mootummaan sarbama mirgoota namoomaa qaqqabeera jedhame qaama walabaatiin qulqulleeffatee warra yakka raawwatan akka itti gaafataman akka taasisuufi gargaarsi namoomaa qaqqabsiisuudhaaf dhorkaan tokkollee akka hin jiraanne gaaftaniiru. Gama biraatiin ammoo Aadde Mufeeriyaat, "Warra dhimmi isaan ilaallatu waliin taanee muuxannoowwan gaggaarii keenyaafi duudhaawwan keenya caalaa cimsachuun rakkoowwan lammilleen keenya keessa jiran furuudhaaf akkuma yeroo kaanii halkaniifi guyyaa ni hojjenna," jedhan. "Namoota qaqqabuu hin dandeenye" Barreessaa Ol-aanaa Mana Maree Baqattootaa Warra Noorwey Jaan Iglaand turtii kaleessa BBC waliin taasisaniin, namoota gargaarsi namoomaa barbaachisu qaqqabuudhaaf irra deddeebiin gaaffi dhiyeessanillee namoota gargaarsi isaan barbaachisu bira ga'uu dadhabuu isaanii dubbataniru. "Namoota qaqqabuu akka dandeenyu irra deddeebiin gaafanneerra.
Yeroo tokko tokko sadarkaa mootummaa Federaalaatiin, yeroo tokko tokko ammoo sadarkaa mootummaa naannootiin tibba hayyama itti hin argatiin jiru. Namoonni gargaarsi isaan barbaachisu miliyoona lamaa ol ta'uu danda'u. Hin beeknu. Naannoo hiyyummaan itti cimeefi gargaarsa barbaadudha," jechuun dubbatu. Kanaan dura mootummaan Itoophiyaa naannoo Tigiraayitti lakkoofsi namoota gargaarsa barbaadanii miliyoona 2.5 akka ta'aniifi isaaniif ammoo gargaarsa qaqqabsiisuudhaaf qaphii taasisuu isaa beeksisaa tureera. Komishinarri Komishinii Hojmaaata Yaaddoo Balaa Biyyaalessaa Obbo Mitikkuu Kaasaa ibsa torban darbe kennaniin, "Tigiraay keessatti lakkoofsi namoota gargaarsa barbaadanii miliyoona 4.5 osoo hin taane miliyoona 2.5dha," jedhan. Ummata miliyoona 2.5 ammoo gargaaruudhaaf ammoo mootummaan qohii gahaa taasiseera jedhan Komishinarichi. Jaan Iglaand garuu, "Konkolaattonni fe'isaafi warri gargaarsa kennan xiqqoon akka jiran hubanna. Sun ammoo namoota miliyoonaan lakkaa'aman gargaarsi isaan barbaachisuuf waayyu miti," jedhu. "Warri gargaarsa namoomaa kennaniifi mootummaan gama gama waliin taasisaniin gara Tigiraay bahaafi Kibbaatti imalaniru. Gargaarsa kan barbaadan hedduun akka jiranidha. NRC dabalatee dhaabbileen biroollee gargaarsa kennuu ni barbaadu. Lola sanaan dura namoota kumaatamaan lakkaa'amaniif gargarsa kennineera. Amma ammoo kanaa ol taasisuudhaaf nuti qophiidha." Jaan Iglaand buufataaleen da'oo baqattootaa Ertiraanonni keessatti argaman afur naannoo Tigiraay keessa jiran keessaa lamaaf meeshaa gargaarsaa dhiyeessanis kanneen hafan buufataaleen da'oo baqattootaa qaqqabuu dhabuun isaanii akka isaan yaaddessa BBCtti himaniiru. "Kaampiiwwan lama keessatti Ertiraanotaaf gargaarsa muraasa taasisuun danda'ameera. Ertiraanota biratti fedhiin gargaarsaaol-aanaadha. Kaampiiwwan lama qaqqabuu dhabuun keenya garuu baayyee yaadessaadha.
Kaampiiwwan lama qaqqabuu dhabuun keenya garuu baayyee yaadessaadha. Mirgoota namoomaafi walitti bu'insa ilaalchisee seerawwan idil-addunyaa cabuun akka jiru gabaasaaleen nu qaqqabaniiru. Baqattoonni haleellaan akka irratti raawwatameru dhageenyeerra. Gara daangaa Itoophiyaafi Sudaan deemee baqattoota hedduu argeera. Seenaawwan nama naasisanidha kan natti himan.
Lola Tigraay: Lakkoofsi buqqaatotaa dabale, UN deeggarsa namoomaa kennuuf rakkadhe jedha Lakkoofsi namoota waranaa mootummaa federaalaa fi humnoota nannoo Tigraay gidduutti adeemaa jiru dheessuun Sudaanitti baqatanii dabalaa jiraachuu Komishiniin Baqattootaa Sudaan beeksise. Dhaabbtni Mootummoota Gamtooamnii gama isaan naannoo waraanni keessaatti gaggeefamutti tajaajilli telecomii adda cituunii fi geejibni jiraachuu dhibuun deeggarsa namoomaa kennuuf gufuu ta'uu ibseera. Komishinarri Komishinii Baqattoota Sudaan Alseer Kaalid BBC waliin gaaffiifi deebii taasisaniin naannoo daangaa Itoophiyaatti bakka argamu buufata baqattootaa Kasalaatti namootni waraana Tigraay dheessanii dhufan kuma shanii ol jiraachuu himan. Alseer akka jedhanitti namootni kuma shanii ol ta'an kun gara Kasalaa kan dhufaan karaa tokkoon qofa. Daangaa Sudaan keessa bakka argamtu Loqidee jedhamtus kaleessaafi hara'a qofa baqattootni 1100 ol ta'an dhufuu himaniiru. ''Lakkoofsi baqattootaa kanaa ol ta'a. torban tokko keessatti baqattootni kuma 20 ta'an ni dhufu jennee eegna'' jechuunis himan Komishinarichi. Laakoofsi dabalaa kan jiru ta'uus nyaatii fi bakka qubannaa gahaan hanqachaa akka jiru himaniiru. Haala buufata baqattootaa Kasalaa jiru yoo ibsan ''nyaatni fi dahoon gahaan hin jiru. Namoota dhibba sadii qofa keessummeessuu danda'a. kan jiran garuu kuma shanii oli ta'u'' jedhan. Dhaabbilee naannicha keessatti hojjatan irraas ta'e dhaabbilee miti mootummaarraa deeggarsaaf gaaffii dhiyeessaniif deebii gahaan argamaa akka hin jirrellee himan Komishinar Alseer. Baqattootni kun naasuu guddoon lafa dheeraa guyyyoota sadii fi afur imalanii dhufanii kan jedhan aanga'aan Sudaan kun, kanneen dhufan keessa ''miseensonni waraanaa fi dhukkubsattootni ni argamuu'' jedhaniiru.
Dhaabbatni Mootummoota Gamtoomaniis waraana dheessuun gara Sudaanitti kanneen baqatan lakkoofsi isaanii dabaluu danda'aa jedheera. Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniirraa Itoophiyaatti qindeessituu deeggrsa namoomaa kan ta'an Kaatriin Sozii(PhD) yaada BBC'f kennaniin naannoo waraanni keessaatti gaggeeffamutti tajaajilli telekoomii adda cituuniifi geejjibni jiraachuu dhibuun deeggarsa namoomaa kennuuf gufuu ta'uu ibsaniiru. Katriin Naannoo Tigraay keessa namootni deeggarsa namoomaa kennan 800 ol akka jiran himaniiru. ''Tajaajilli telekoomii adda citeera. Hojii keenyaarrtti dhiibbaa uumeera. Hordoffii sochii namootaas rakkisaa godheera. Deeggarsa namoomaa barbaachisu adda baasuunillee rakkisaa ta'eera.'' Hanqinni bu'uuraa akka daakuu nyaataafi boba'aa jiraachuun akka gabaafameef kan himan Dr. Kaatriin, ''baankiiwwan cufaa ta'uun jiraattoota qofa osoo hin taane hojii keenyarrattis danqaa ta'eera'' jedhan. Jiraattotni Humaraa, Shireefi Shiraaroo naannolee biroo Tigraay keessatti argamanitti baqachuu isaanii gabaasa aragachuus himaniiru. Namootni kuma torbaa ol ta'an Itoophiyaa keessaa waranaa baqatanii gara Sudaan galuu Dhaabbatni Baqattootaa kan Biyyoota Gamtoomanii Sudaan keessa jiru isaaniif gabaasus Dr. Kaatrin BBC'tti himaniiru. Durumaanuu Naannoo Tigraay keessa dhaabbiidhaan namootni 600,000 ol ta'an deeggarsa nyaata kan fedhan turanii kan jedhan Dr. Kaatriin, naannicha keessa buufataalee qubannaa jiran afur keessatti ammoo baqattootni Eertiraa 96,000 deeggarsa namoomaa barbaadan jiruu jedhan. Dhaabbatichi kuusaan deeggarsa nyaataa isaa yeroo gabaabaa keessatti akka dhumuu danda'ullee akeekkachiiseera. Lola erga eegalee guyyoota saddeet lakkofsise kanaan gama lamaaniinuu loltoonni dhibbaan lakkaa'aman ajjeefamuun gabaafamaa jira.
Lola erga eegalee guyyoota saddeet lakkofsise kanaan gama lamaaniinuu loltoonni dhibbaan lakkaa'aman ajjeefamuun gabaafamaa jira. UN dabalatee dhaabbileen idil-addunyaa kaan lolli dhaabbatee rakkoon jiru mariin karaa nagaa akka furamu dhiibbaa gochaa jiru. Mootummaan federaalaa garuu hanga 'yakkamtoota' kan ittiin jedhu hogganoonni TOLF seeratti dhiyaataniitti mariin akka hin jirre himeera.
‘‘Kana caalaa turraan lubbuu baraartotaa dabalatee warreen achirra jiraniis balaarra bu’a jedhani.’’
Bara 2015'tti waraana Siiriyaa miliquu jecha baqattoonni miiliyoona tokko ta'an daangaa Turkii cee'anii Giriiki seenaniiru.
UN viidiyoo saal-qunnamtii Israa'eelitti konkolaataa keessa waraabame qorachaan jira jedhe Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii viidiyoo konkolaataa aasxaa UN of irraa qabu keessatti taatee saal-qunnamtii Israa'eel keessatti raawwatameen "haalaan gaddeera" jedhe. Viidiyichirratti dubartiin qoloo/qamisii diimaa uffattee teessuma duuba konkolaataa tokko keessatti dhiira tokko waliin yoo saal-qunnamtii raawwatan mul'isa. Viidiyoon marsaalee hawaasummaarratti namoonni waliif qoodan daandii magaalaa Teel Aviiv irratti kan waraabameedha. UN taaticha qorataa akka jiruu fi namoota viidiyicharratti mul'atan eenyummaasaanii adda baasuuf hojjataa jiraachuusaa ibseera. Namoonni viidiyicharratti mul'atan hojjattoota UN damee nageenya eegsisan Israa'eel keessatti hojjatan akka ta'an ni amanama. Dubbi himaan UN damee nageenya eegsisuu kan ta'an Stéphane Dujarric taateen kun "fudhatama hin qabu" jedhaniiru. Viidiyichis sekoondii 18 dheerata. Taatee raawwatames qorataa akka jiran BBC'tti himaniiru. UN taateewwan saal-qunnamtii hojjattootasaatiin raawwataman irratti seera jabaa qaba. Hojjattoonni taatee akkasii raawwatanii argaman gara biyyasaaniitti deebifamu yookiin hojii nagaa eegsisuurraa ni dhoorkamu. Waggoota dhihoo as UN hojjattoonni amala gaarii hin taanee agarsiisuun himatamaa dhufaniiru. Barreessaan UN Antooniyoo Gutarees taateewwan akkasiif "obsa hin qabnu" jedhaniiru. "Baay'ee rifadhe. Wanti viidiyoorratti arge baay'ee na aarseera," jedhan Obbo Dujarric. Isaanis dhimmicharratti qorannoon taasifamaa jira jedhaniiru. Obbo Dujarric akka jedhanitti bakkii fi maaltu akka raawwatame beekameera, eenyummaan namootaas "beekuuf xiqqootu nu hafe" jedhaniiru. "Taateen raawwatame saffisaan akka qoratamuu fi tarkaanfii akka fudhatamu abdii qabna." Heetar Baar 'Human Rights Watch' damee mirgoota dubartootaarraa viidiyichaa akka isaanii "hin dinqine" ibsaniiru.
Heetar Baar 'Human Rights Watch' damee mirgoota dubartootaarraa viidiyichaa akka isaanii "hin dinqine" ibsaniiru. Aaddee Heetar "dhimmicha qorachaa jiraachuunsaanii waan gaariidha" jedhan. Ta'us garuu UN "rakkoo viidiyoo kanaa olii qaba" jedhaniiru. Aadde Heetar Burundii fi Afgaanistaan keessatti hojjatu turan. Bara 2019 taateewwan saal-qunnamtii waliin wal qabatee hojjattoota UN irratti himannaan 175 dhiyaateera. Isaan keessaa 16 mirkanaa'aniiru, 15 hin mirkanoofnee akkasumas isaan hafan ammas qorannoon irratti taasifamaa jira.
Ajajin Tiraamp dabarsan hoogansi Iraan maallaqa akka dhabu fi namoota hoogganaa olaanaan biyyatti Ayaatolaa Ali Kameniii muudanirrattis akka xiyyeeeffatu ibsameera.
Suupper Liigii: Kilaboonni gurguddoo kubbaa miilaa Awurooppaa maaliif liigii haaraa jalqabuu barbaadan? Karoorri kilaboonni gurguddoon kubba miilaa Awurooppaa liigii haaraa 'Suupper Liigii Awurooppaa' jedhamu jalqabuuf ibsan qeeqamaa jira. Kilaboonni liigiicha hundeessuuf waliigalan 'ESL' kun kubba miilaa hunda fayyada jedhan, kaan ammoo karoora ofittummaa irra maddedha jechuun qeequun. Kilaboonni gurguddoon 12 tahan waliigaltee liigicha hundeessuu yoo mallatteessan isaan keessaa jaha kilaboota Piriimer Liigii Ingiliziiti. Arsenaal, Cheelsii, Liiverpuul, Maanchister Siitii, Maanchister Yuunaayitidii fi Tootenahaam yoo tahan kaan ammoo AC Miilaan, Atileetiikoo Maadird, Inter Miilaan, Baarseloonaa, Yuunavtas,fi Riyaal Maadirididha. Kilaboonni liigicha hundeessan torban gidduutti dorgommicha gaggeessuu kan barbaadan yoo tahu liigii biyyaalessaa keessa jiran keessattis itti fufuun dorgomu. Suupper Liigiin Awurooppaa garee 20 kan of keessatti qabata jedhamee yaadame. Kilaboota liigicha hundeessan 12 fi sadii ammoo amma itti dabalamu jedhamee kan eegamudha. Isaan miseensota dhaabbataa yoo tahan, dorgommicha keessaa qabxii xiqqaa yoo fidanis gadi bu'uu hin danda'an. Miseensonni shan kaan ammoo dorgommii wagga waggaan gaggeeffamuun dorgommichaaf darbuu danda'u. Dorgommiin haaraan kun Shaampiyoonsi Liigii amma gaggeeffamu kan morkatu yoo tahu, adunyaa irratti dorgommii kilaboota gurguddaa isa ol aanaa taha. Tarkaanfiin kun deeggartootaa, xiinxaltoota kubba miilaa fi dhaabbilee bulchiinsa kubba miilaa mormameera. Miseensotni 15 liigichaa carraan itti dorgommicha keessaa bahan waan hin jirreef, kubba miilaa sadarkaa ol aanaa dorgommii cufaatti gaggeeffamudha jedhan qeeqxonni.
Piriimer Liigiin '' qajeelfamoota dorgommii banaa fi duudhaa ispoortii kan miidhudha'' jedhe. Ministerri Aadaa Oliiver Doowdeen, karoorichi caasaa piraamidii kubba miilaa Ingiliz, kan ''fandiin piriimer Liigii milkaa'aa adunyaa liigota irraan hanga hawwaasa naannootti gahu,'' miidhera jedhan. Kana malees sodaa liigiichi hordoftoota TV guddaa liigota jiran, kan akka Piriimer Liigii Ingilaandii fi Seeri A Xaaliyaanii irraa irraa fudhachuu danda'a jedhus fideera. Maallaqa argachuun humna duuba jirudha. Galiin kilaboota kubba miila sababa weerara koroonaavaayirasiin, deeggartootni dirree keessaa dhabamuu fi yeroon taphaa jeeqamuu isaa irraa kan ka'e miidhameera. Kilaboonni gurguddoon taphattoota cicimoo miiliyoonotaan kaffalaniif waan qabaniif sun kaffalamuu qaba. Kilaboonni hundeessanis qooda 3.5bn (£3bn) kan tahu qabaatu. ESL akka jedhetti, kubba miilaa Awurooppaaf ''kaffaltii waliigaltee'' kan dorgommiin kilaboota Awurooppaa amma kaffalaniin ol nan kaffala jedhe. Dorgommiin haaraan ammaa kun ''guddina dinagdee jabaa tahe kan qabuu fi yeroo dheeraa keessas kubba miilaa Awurooppaaf deeggarsa kan taasisudha'' jechuun falma. Akka Wixinee qabameetti ESL wagga waggaan ji'a Hagayyaa keessan kan jalqabu yoo tahu ''hamma danda'ametti yeroo dhiyootti'' akka eegalamu yaadama. Gareen kilaboota 20 bakka lammatti 10, 10 tahuun qoodamuun dirree isaaniif dirree isaaniin ala wal dorgomu. Garee lamaan irraa tokkoo hanga sadiitti warri bahan dorgommii xumura maayiif darbu. Warrii 4ffaa fi 5ffaa bahan ammoo tapha'a mo'atanii darbuu taphachuun bakka kileboota lamaa hafan guutu.
Warrii 4ffaa fi 5ffaa bahan ammoo tapha'a mo'atanii darbuu taphachuun bakka kileboota lamaa hafan guutu. Haala kanaan akkuma dorgommii Shaampiyoonsi Liigii tapha deebiin wal mo'atanii darbuutti kan gaggeeffamu taha. Kan xumuraa waancaaf taphatamu ammoo ji'a Caamsaa keessa dirree kileboota lamaaniin alatti gaggeeffama. Uefa, Dhaabbatni bulchiinsa kubba miilaa Awurooppaa, karoorri dorgommii Shaampiyoonsi Liigii kileboota 36 of keessaa qabu hundeeffama Suupper Liigii ni hanbisa jechuun abadata. Qaamoleen bulchiinsa ispoortii, ''tokkummaan'' liigiin kun adda cabee akka hin hundoofne seeraa fi tarkaanfii gama ispoortii jiruun dura dhaabbanna jedhan. Uefa' Bulchiinsi kubba miilaa Awurooppaa, kilebootno dorgommicha keessatti hirmaatan, dorgommii biyya keessaa hundaa, sadarkaa Awurooppaa fi sadarkaa adunyaatti jiru keessaa akka haqaman ibse. Taphattootnis dorgommii Waancaa Adunyaaf biyya isaaniif akka hin taphanne dhorkamuu akka danda'an akeekkachiise. Maaltu itti aana? Amma irra caalaan isaa kilebota sichi ESL kana seenuuf mallatteessan irratti hundaa'a. Kilebootni gurguddoon Faransaayii fi Jarmanii akka hin fudhanne himaniru. Federeshiniin Kubba Miilaa Adunyaa, Fifa'n kana dura Liigiin Awurooppaa adda cabuu akka hin fudhanne ibseera. Ibsa xumura torbee kanaa irratti, Fifa'n ''akka kuffise'' ibsuun qaamoleen maricha keessatti hirmaatan hundi karaa tasgabbii qabuu fi yaada madaalawaa taheen akka mari'atan waamicha taasiseera. Kana gidduun ammoo ESL qoqoobbii Uefa yookaan Fifa'n hundeeffama liigichaa irratti dabarsuu dhaabsisuuf yaalaa jira.
Indiyaatti lilmee tokkittiin barattoota 30’f talaalliin kenname Indiyaa bulchiinsa Madiyaa Piradeesh keessatti lilmee/siriinjii takkittiin barattoota 30f talaallii kennuu isaaf oggeessi fayyaa qoratamaa jira. Kun kan uumame mana barnoota Sagar jiru keessatti yeroo ijoolleef talaalliin Covid-19 kennamudha. Qajeelfamni ministeera fayyaa Indiyaa talaallii Covid-19f, “lilmee tokko, sirinjii tokko, al tokko qofa,” jedha. Hanga ammaatti Indiyaan talaallii Covid-19 biliyoona 2.03 ta’u kenniteetti. Tatamsa’ina dhibee akka HIV hambisuuf siriinjiin takka qofa fayyadamee gatamu Indiyaa keessatti bal’inaan hojiirra oola. Haata’u malee, kana dura sababa hanqina meeshalee wal’aansaan hospitaalonni siriinjii tokko irra daddeebiin yeroo isaan itti fayyadaman tureera. Jetaandiraa Raayii, kan ijoollee kanaaf talaalli kenne, waajjira fayyaa irra sirinjiin tokko qofa akka kennameefii fi ajaja kennameef qofa hordofaa akka ture miidiyaatti himeera. Maatiin ijoollee isaanii waliin bakka talaalli kanaa deeman, rakkoo kana hubatanii angaa’ota mana barumsichaatti himaniiru. Yeroo angaa’onni bulchiinsichaa mana barumsaa sana ga’an, Obbo Raayi mana barumsaa keessa hin turre, bilbillii isaas cufamee ture. Wajjirri fayyaa bulchiinsichaa dhimmi kun itti gaafatamummaa dhabuudha jechuun ogeessa fayyaa kana himateera. Haaluma kanaan, duula talaallii kanaaf qondaala meeshaa fayyaa bobbaase irrattis qorannoo eegaleera. Dubbii himaan paartii mormituu Kongiresii ammo sababa taatee kanaan ministeerri fayyaa bulchiinsichaa aangoo gadhiiisuu qaba jechuun gaafataniiru. Indiyaan addunyaa keessatti Chaayinaatti aantee talaallii Covid biiliyoona lamaa ol kennuun ishee lammaffaadha. Kabaja walabummaa biyyatti wagga 75ffaa waliin wal qabsiisuun, mootummaan Adoolessa keessa guyyaa 75’f talaallii Covid buustarii bilisaan ga’eessota hundaaf akka kennu beeksiseera.
Kabaja walabummaa biyyatti wagga 75ffaa waliin wal qabsiisuun, mootummaan Adoolessa keessa guyyaa 75’f talaallii Covid buustarii bilisaan ga’eessota hundaaf akka kennu beeksiseera. Akka ministeerri fayyaa Indiyaa jedhutti, ga’eeessota keessaa %98 kan ta’an yoo xiqqaate talaallii marsaa tokkoffaa kan fudhatan yoo ta’u, %90 ammoo guutummaatti talaallii marsaa hunda fudhataniiru. Roobii darbe, biyyatti keessatti sa’aatii 24 keessatti namooti 18, 313 ta’an Covid-19 yoo qabaman, 57 ammoo lubbuun isaanii darbeera.
Dubartoonni weerara koronaan booda ‘make up’ dibachuu hir’isaniiru-qorannoo Chaarliin dhaabbata leenjii daldalaa keessaa hojjetti, ‘’dur aannan bituuf yoon suuqiitti baheyyuu meek-aappii otoo hin godhatiin nan argitu,’’jetti Garuu erga weerarri kuni dhufee akka durii meek-aappii gochuutti hin rakkattu. ‘’Ijoollee lama waliin manatti danqameen ture, abbaan warraa koos nu faana hin turre. Meek-aappii otoo hin dibatiin gadi-bahee, oolee yeroon deebi’uu, namni gargalee na ilaalu akka hin jirren hubadhe,’’ jechuun ibsiti. Weerarri kuni bareedina uumamaan qabutti akkan gammadu ofitti amanmummaa naa kenneera jetti. Chaarlii qofa immoo miti kana kan jedhu. Oomishaalee miidhaginaa fayyadamuun bara 2020 durallee hir’isaa turullee, uggura weeraraan booda garuu, dhaabni haala gabaa qo’atu Kantar, dubartoota Biriitiish 10,000 irratti qo’annoo taasiseen garaagarummaa guddaatu jira jedhe. Meekaappii bituufi oomishaalee miidhaginaa dibachuun waggoota lamaan darban keessatti akkaan hir’ise, lakkoofsaan yoo keenye tokko sadaffaadhaan jedha qo’annichi. Waayilooti Chaarlii magaalaa Cheeshaayeer keessatti dhaabbata daldalaa ‘Rhino Safety’ jedhamuuf hojjetan yaada kanarratti waliigalu. Hoggantuun dhaabbatichaa, Keet Wooltar qeensaafi nyaara ishee miidhagafachuuf qarshii darbaa akka baastu himtus, waan guyyaa guyyaatti gootu garuu akka hir’iste himte. ‘’Fuula kootti xiqqoo haxaawwadhee fi ija kootti kuula godheen qoaf waajira deema,’’ jetti. ‘’Yeroon waajira deemu nama dhukkubsate fakkaachuu hin barbaadu,’’ jechuunis qoosti. Keet erga manaa hojjechuun jalqabamee waanti baayyee akka geeddarame himti. ‘’Maalan fakkaadha kan jedhurratti badaa yeroo dheeraa dabarsuun sin barbaachisu sababiinsaa walgahii fa’i irratti namni mudhii ol qofa si arga gatii taheef jechuu dha,’’ jetti.
‘’Maalan fakkaadha kan jedhurratti badaa yeroo dheeraa dabarsuun sin barbaachisu sababiinsaa walgahii fa’i irratti namni mudhii ol qofa si arga gatii taheef jechuu dha,’’ jetti. ‘’Waan uumamaa hunda gatanii akka haaraatti of midhagsuu maamillis tahe ani waan barbaannu miti,’’ jetti. ‘’Mana keetti barcuma kushinaa irra teessee meek-aappii dibattee akka dhiyaattu hin eegu ani,’’ jetti. Akka qo’annoo Kantar agarsiisutti akka addunyaatti dubartoota 300,000 qo’annoo irratti geggeesse dabalatee, dubartoonni Biriitiish baasiifi bartee of miidhagsuu irratti dabarsan irratti jijjiiramni guddaan mul’ateera. ‘’Oomishtoonni dibatawwan miidhaginaa, kana booda qarshii keenya argachuuf hojii guddaatu isaan eeggata,’’jetti xiinxaltuun dhaabata qo’annoo Kantar, Maayaa Zawislaak. Qo’annoon isaanii bara 2019 irraa qabee gurgurtaan meek-aappii harka 19’n hir’iseera. Weerarri koronaa waan gidduutti dhalatee dha jedhan. Maayaan qaala’insi jireenyaas waan maamilooti bitan irratti dhibbaa taasisuu mala jetti.
'Weerarri waggaa 700 dura nama mil. 200 galaafate ammayyuu fayyaa namaa irratti dhiibbaa qaba' Weerrarri hamaan Black Death (Du'a Gurraacha) jedhamu waggaa 700 dura mudate hanga ammaatti iyyuu fayyaa keenya irratti dhiibbaa qaba jedhama. Weerarri kun kan uumame guutummaa Awurooppatti walakkaa jaarraa giddu gala bara 1300tti yoo ta'u namoota turan keessaa walakkaan isaanii akka dhumantu himama. Qorannoon DNA lafee namoota yeroo sana du'anii irratti gaggeeffame qacceen vaayirasiii (mutation) namoonni weerara dhibichaa dadandamatanii hafan gargaare jiraachuu agarsiisa. Gosti vayirasii kun har'ayyuu qaamni keenya dhibee madinni qaama namaatti fiduun (auto-immune diseases) miidhamuu danda'a. \n\nSeenaa dhala namaa keessatti weerarri dhibee 'Du'a Gurrachaa' isa hamaa fi lubbuu namoota miliyeena 200 galaafateedha. \n\nIlkaan namoota yeroo sana du'anii kan namoota irraa saamuda DNA fudhachuudhan hambaan namoota du'anii kun Du'a Gurraacha dura, yeroo sana yookin sana booda ta'uu isaa adda baasan. \n\nQorannichi bakka namoonni yeroo weerara kanaan du'an baay'inaan itti awwaalaman Landanii fi Deenmark keessaa hambaa lafee namaa fudhachuudhani kan gaggeeffame. Qorannichi barruu Nature jedhamu irratti kan maxxanfame yoo ta'u, muteeshinii sirrii qabaatte taanan yeroo sana carraan weerara irraa dandamachuu 40% ture. "Waanta akkasii qaccee sanyi namaa keessatti arguun waan guddaadha, jijjiirama guddaadhas," jedha Yuunivarsiitii Chikaagoo irraa Pirofeesar Luwiis Bareeyiroo. Hojiin jiinii pirotiiniwwan maayikiroobiwwan qaama miidhuu dhufan kukkutu omishuudha. \n\nJiiniwwan bifa garaa garaatin dhufu- kan haalan hojjatanii fi homaayyuu hin hojjanneedha- koppii tokkoon tokkoo isaa maatii keenya irraa arganna.
\n\nJiiniwwan bifa garaa garaatin dhufu- kan haalan hojjatanii fi homaayyuu hin hojjanneedha- koppii tokkoon tokkoo isaa maatii keenya irraa arganna. Kanaaf kanneen carrooman gosa jiiniwwanii haalan hojjatan haadha fi abbaa isaanii irraa dhaalu. Weerarriwwan kan bara weerara Du'a Gurraachaa dura caalaa har'a kan baramaniidha. Haa ta'u garuu dhukkuboota madinni qaama namaatti fidu kanneen akka dhukkuba sirna bobba (inflammatory bowel disease) fa'aa wajjin walqabata. Kuni ammoo waggaa 700 dura yeroo weerarri Du'a Gurraachaa ka'e namoonni akka lubbuun oolan gagaarera jedhama. \n\nDNAn keenya 1-4% kan ta'u namoota bara durii irraa kan dhufe yoo ta'u, COVID-19 dabalatee dandeettii qaamni keenya dhibee ofirraa ittisuuf qabu irratti dhiibbaa qaba. "Godaannisni (scars) kanaan duraa dhibee ofirraa ittisuu qaama keenyaa irratti dhibbaa qaba," jedha Pirofeesar Bareeyiroo.
Waancaa Afrikaa 2021: Sababa Covid osoomallee taphattoonni 11 hafan taphni hin haqamu jedhame Biyyoonni weerara Covid'n rakkataa jiran taphattoota qaban keessaa osoomallee 11 hafanii taphni suni hin haqamu jedhame. Qajeelfamni Konfedereeshinin Kubbaa Miilaa Afrikaa (Caf) haaraa bahe akka jedhetti osoo taphattoota 11 keessaa karri eegaanillee dhibe taphichi inuma taphatama. Biyyi sagantaa baherratti argamtee taphatuu dhabde garee ishii morkatuuf galchiin 2fi qabxiin sadii ni kennama jedhameera. Qajeelfamni kuni taphichi Dilbata har'aa eegaluu isaan dura biyyoonni taphattoonni isaanii Covid-19'n qabamuu erga ibsanii booda bahe. Akka murtee ''addaatti'' koreen dorgommicha qopheessu ''murtee madaalawaa ni fudhata,'' jedheera Konfedereeshiniin Kubbaa Miilaa Afrikaa. Gaafa Jimaataa Masriin imala gara biyya dorgommicha qopheessitu Kaameroonitti taasistu tursiteetti. Kaampii leenjiitti koronaavaayirasiin namni qabame waan argameef leenjiin haqameera. Jarri Fara'oon biyya kamuu caalaa Waancaa Afrikaa si'a torba fudhatan kuni gaafa Sambataa gara Kaameroon imalaniru. Jifataan Arsenaal Piyere-Emeriik Obamiyaang taphattoota Gaabon lama gaafa Kamisaa koronaavaayirasiin irratti argame keessaa tokkodha. Giiniinis taphattoota ishee sadii bakka leenjii Ruwaandaatti dhiistee deemte. Torban darbe garee Itoophiyaa waliin ramadamte Keep Verdeefi biyyi yeroo jalqabaa Waancaa Afrikaarratti hirmaattu Gaambiyaa keessatti taphattoonni Covid qabaman argamaniiru. Tuniziyaanis kaampii walmorkii dura qophaa'e keessa namni Covid qabame argamuu ibsiteetti. Garee Itoophiyaa dursee gara Kaameroon imale keessa taphataan koronaavaayirasiin qabame jiraachuun isaa hin ibsamne. Waancaan Afrikaa Dilbata har'aa tapha qopheessituu dorgommichaa Kaamerooniifi Burkinafaasoon waliin taasisaniin eegala.
Waancaan Afrikaa Dilbata har'aa tapha qopheessituu dorgommichaa Kaamerooniifi Burkinafaasoon waliin taasisaniin eegala.
Gosti Covid-19 haaraan Afriikaa Kibbaatti mul'ate yaaddoo uume Gosti vaayirasii Covid-19 B.1.1.529 jedhamu Afriikaa Kibbaatti mul'ate haaraan ammas deebisee yaaddoo olaanaa uumuunsaa ibsame. Vaayirasiin haaraan guyyoota muraasaan dura Afriikaa Kibbaa ganda tokko keessatti argamuun mirkanaa'e kunis, gara eddoowwan biraatti faca'uu akka hinoolle ragaaleen agarsiisan jiru jedhame. Gosti vaayirasii saayintisitootaan 'baayyee yaaddessaa'' jedhame kunis argamuun mirkanaa'e, gaaffiiwwan attam ariitiin tatamsa'uu danda'a? Dandeettii inni talaalliiwwan ittisaaf kennaman miliquu itti danda'u fi maaltu ta'u qabaata? jedhan ka'uu egalan. Yaadoonni garaa garaa kennamaa kan jiran yoo ta'u, hanga ammaatti deebii ifaan kennamu baayyee murtaa'aadha. Gosti vaayirasichaa B.1.1.529 jedhamuun kan beekamu yoo ta'u, gosoota vaayirasii hanga har'aatti beekamu caalaa hamaadha jedhameera. Pirofessar Tuuliyoo de Oliveriyaa, Afriikaa Kibbaatti Daarektarri Wiirtuu Ittisa Dhukkuboota Daddarboo fi Kalaqaa akka jedhanitti, garmalee kan daddarbudha. ''Haala jijjiirama amalaa hinbaramne kan qabuufi gosawwan vaayirasichaa kaan irraa baayyee adda,'' jedhan. "Gosti vaayirasii kanaa garmalee haaraa nutti tahe, kan nu eegaa turreen ol kan caalaa jijjirama olaanaa qabuudha,'' jedhan pirofessarri kun. Pirofesar Oliiveriyaan ibsa gaazexessitootaaf kennaniin, walumaa galatti jijjirama amalaa 50 fi hamma protiinii talaalliiwwan baayyeen irratti xiyyeefamatu 30 irra baayyee kan ol ka'eedha. Pirofessarri kun akka jedhaniitti, seeliin vaayirasichaa jalqaba qaama namaa keessa seenu mataansaa itti dhiheenyaa yoo ilaalamu, amalawwan jijjiramuun baayyyachu 10 qaba.
Kan kanaan duraa gosti Deltaa kan adunyaa baayyee miidhee amala jijjiramuun baayyachu (mutations) lama qofaa qaba ture jedhan. Sadarkaa kanaa baayyachuu kunis tarii dhukkubsataa tokkicha vaayirasicha dandamachu dadhabe irraa kan dhufe fakkaata. Haata'u malee baayyachuun jechuu battalatti rakkoodha jechu miti. jijjiramuun baayyachuun suma laa akka raawwatan baruutu caalaa barbaachisa. Ta'us ammoo vaayirasiin kun gutummaatti kan jalqaba Chaayinaa bulchiinsa Wuhaan irraa maddeen addadha. Jijjiiramni amalaa muraasni gosoota biraa keessatti kan mul'atanii turan yoo ta'an, gosa vaayirasii haaraa kana hubachuuf gahee qabaachuu danda'as jedhameera. Fakkeenyaaf N501Y vaayirsiin Covid akka babal'atu kan taasisuu fakkaata. Akkasumas wantoonni gara biraa akka antiboodiin qaama namaa vaayirasicha hin hubannee taasisuun, talaallii haala barbaadameen hin hojjannee godhan jiru. Kan guutummaatti haaraa ta'anis ammoo jiru. Afriikaa Kibbaa, Yunivarsitii KwaZulu-Natal irraa kan ta'an Pirofessar Riichaard Leesensi, ''Tarii vaayirasin kun dandeettii dadarbuu dabaluu, dandeettiin namootarraa gara namootaatti faca'uu dabaluu danda'a jechuun yaaddoo nutti ta'eera. Tarii ammoo kan sirna dandamannaa waliin wal qabatuus ta'u danda'a,'' jedhan. Prof Raavi Guptaa, Yunvarsitii Kaambirijii irraa gamasaaniin: ''Gosti vaayirasii Beta kan dandamannaa namootaa miliqudha, Delta'n hanga tokko akkasuma, kan ammaa kun garuu haala lamaanuu sadarkaa olaanaadhaan qaba,'' jedhan. Qorannoowwan saayinsii laaboraatorii keessatti gaggeeffaman dhimmicharra waan ifa kennuu danda'a, garuu deebiin atatammaa vaayirasicha qabatamaan addunyaarratti to'achuun argamu danda'a jedhan. Ammatti guutummaatti ibsuuf yeroonsaa hin geenye kan jedhan profesarri kun, garuu mallattoowwan yaachisoo ta'an mul'ataniiru jechuun yaaddoosaanii himan.
Ammatti guutummaatti ibsuuf yeroonsaa hin geenye kan jedhan profesarri kun, garuu mallattoowwan yaachisoo ta'an mul'ataniiru jechuun yaaddoosaanii himan. Vaayirasiin kun mul'achuun mirkanaa'uu hordofees UKn seera imaltoonni Afriikaa Kibbaa irraa gara sana imalan akka adda of baasuun turaniif dirqisiisuu baafte. Tarkaanfiin UK kunis erga Afriikaa Kibaatti gosti vaayirasii adda ta'eefi haalli tatamsa'in isaa baayyee saffiisaadha jedhame argamuun ibsameen booda ture. Ministirri Fayyaa UK Saajiid Jaaviid akka jedhaniitti, ''waa'ee vaayirasii amma Afriikaa Kibbaa keessatti argamee kanaa ammatti baayyee hinbeeknu. Garuu ofeeggannoon turuun barbaachisaadha,'' jedhan. Biyyoota kanneen irraa balaliiwwan biyyoota Kibba Afriikaatti argaman hedduu gara Inglaandiitti taasifaman dhaabuuf murteessuun, ''of eegannoofi hanga dandeenyeen ofii kenyaafi daangaawwan keenya eeggachuudha,'' jedhan.
Nezarlaanditti daa'imni ganna 12 abbaasaa mana murtiitti falmuun mirga talaallii Covid fudhachuu argate Nezarlaand magaalaa Groningen keessaatti daa'imni ganna 12 akkawoosaa haalaan dhukkubsatan ilaaluuf jecha abbaasaa talaallii Covid fudhachuuf isa dide mana murtiitti falmee mo'ate. Talaalliin carraa mucaan kun vaayirasicha maanguddoo kaansarii hamaan dhukkubsatan kanatti dabarsuu hir'isa jedhan abbaan seeraa dhimmicha harkaa qaban. Nezarlaandisitti talaallii Koronaa oladeemoon ganna 12-17 akka fudhatan kan hayyamame oggaa tahu, garuu kanneen ganna 17 gadii heeyyamni maatiisaanii lameenuu barbaachisaan. Biyyattiitti talaallicha ija shakkiin ilaaluun dabalaa jira. Abbaan seeraa Bart Tromp jedhaman kun akka jedhanitti, oladeemaan kun ammuma talaalamuudha qaba - maaliif jennaan, fedhiin isaa, yaaddoo abbaasaarra waan caaluuf jechuun ajaja dabarsan. Ragaaleen mana murtichaa akka agarsiisanitti, gurbaan kun akkoosaa kaansarii sombaa 'metastatic' dhukkubsatanii fi ''xumura jireenya isaanii irratti argaman'' wajjin hanga danda'een yeroo dheeraa dabarsuu barbaada. Abbaan mucaa kanaa talaalliiwwan ''sadarkaa yaaliirra jiru'', akkasumas qaama walhormaataa irrattis balaa fidu jechuun kan falmate tahus, abbaan seeraa Tromp garuu, falmiin kee bu'uura saayinsii hinqabu jechuun jalaa busheessan. Kana malees carraan daa'immanii vaayirasichaan qabamanii haalaan dhukkubsachuuf qaban xinnaa tahus, Covid isa dheeraan miidhamuu danda'u jechuun sodaa qabus ibse abbaan. Kanaanis carraan vaayirasicha namoota kaanitti dabarsuuf qaban gadaanaa jedhe abbaan daa'ima kanaa. Haatahu malee abbaa seeraa kana murteesaanii jijjiirsiisuu hin dandeenye. Haati daa'ima kanaa amma abbaasaa wajjin walhiikanii kan jiran oggaa tahu, murtee daa'imaa kana deeggarteetti.
Haati daa'ima kanaa amma abbaasaa wajjin walhiikanii kan jiran oggaa tahu, murtee daa'imaa kana deeggarteetti. Akka seera warra Dachiitti yoo maatiin waliigaluudhaa baate, abbaan seeraa murtee daa'ima fayyada jedhamu dabarsuuf mirga qaba.
Ameerikaatti namtichi kanfaltii Covid argachuuf of ajjeesuu akkeesse hidhaan adabame Ameerikaatti namtichi kuta biyyaa Maasaachuuseetis sagantaa deeggarsaa Covid-19 burjaajeessuuf yaaleefi aanga'otarraa baqachuuf jecha sobaan of ajjeesuu akkeesse, hidhaa ji'a 56n adabame. Namichi maqaan Deevid Staveley jedhamu kun daldaloota gurguddoo afur qaba jedhee sobaan beeksisuun, sagantaa mootummaarraa qarqaarsa doolaara $544,000 argachuuf yaalii godhe. Namni kun hojiisaa burjaajeessuu kanaan otoo dhaabee dassas tureyyu, inni garuu sarmuu dide. Jennaan yaalii burjaajessuu kana hordofee bara dabre keessa mootummaan bira gahuun himate. Himannaa kana jalaa miliquuf jecha, ofiin of akka ajjeese yookaan akka lubbuu ofii baase fakkeesse. Kana callaa miti - eenyummaa sobaafi taargaa (gabatee) hatame qabachuun fiiguutti ka'e. Kanaanis namni kun nama jalqabaa sagantaa liqii kana burjaajeessuuf yaaluun himatame isa taasiseera. Abbootiin alangaa murtee isaa ilaalchisuun ergaa barreessaniin: ''Muddama diinagdee sababa weerara [Koroonaavaayirasiin] uumame akka carraa badhaadhinaatti fudhate. Kanneen qarqaarsi isaan barbaachisu osoo jiranii, of sooreessuutti ilaale.'' Ameerikaatti sagantaan qarqaarsaa ''Paycheck Protection Program (PPP)'' jedhamu kun Bitootessa 2020 hanga Caamsaa 2021tti hojiirra oole. Sagantaan kunis biizinasoonni xixiqqaa weerarichaan haalaan miidhaman, liqee dhala gadaanaa qabu fudhachuun baasii isaanii akka haguuganiif kan yaadame ture. Namni ganna 54 kun kophaasaa hin turre burjaajii kan kan yaale, namni waliin dhawuu kanarratti isa gargaare David Andrew Butziger jedhamuufi kan ganni isaa 53 tahe wajjin kana tolchan. Akka Waajirri Haqaa jedhutti lammiin gochaan burjaajii kun yaaddesse, mootummaatti beeksisuu hime.
Akka Waajirri Haqaa jedhutti lammiin gochaan burjaajii kun yaaddesse, mootummaatti beeksisuu hime. Haala kanaan jarri lamaan kun Caamsaa 2020 keessa to'annoo jala kan oolan oggaa tahu, Obboo Istaaviliin erga himatame booda manaa akka hin baane itti murtaa'e. Yeroo muraasa boodas meeshaa elekitiroonikii ittin to'atamu ciree, barreeffama dhumaa of itti ajjeese kaa'uun, akkasumas kinkolaataa isaa qarqara galaanaatti banaa dhiisee baqate. Boodarras Adooleessa 23, 2020 qaamoleen nageenyaa 'US Marshals' jedhaman Atilaantaa Joorjiyaatti deebisanii qaban.
Sa'uudii Arabiyaan namoota talaallii fudhataniif imala Umraa eeyyamuuf Sa'uudii Arabiyaan namoota talaallii Covid-19 fudhachuun imala Umraaf gara magaalaa Makkaa seenan simachuu eegaluuf. Aanga'oonni biyyattii Wiixata irraa kaasee gaaffilee imalaan walqabatan ni simachuu jalqabu jedhame. Sa'uudiin sababii koronaavaayirasitiin walqabatee baatiiwwan 18 dura ture kan daangaashee cufatte. Hagayya 1 irraa kaasee ammoo dowwattoonni talaalaman biyyattii akka galaniif hayyamameef. Baatii darbe, jiraattota 60,000 talaallii fudhatan qofaatu akka hirmaatan taasifaman. Imalli Hajjii utubaa amantii Islaamaa keessaa tokko ta'ee, namni dandeettiisaa qabu kamuu jireenyasaa keessatti al tokko gara magaalaa Makkaatti imaluun kan raawwatudha. Imalli Hajjii waggaatti yeroo murtaa'e qabametti kan raawwatamudha: Bara 2022 keessa Adoolessa 7-12tti gaggeeffama. Haatahu malee imalli Umraa waggaa keessatti yeroo kamuu kan raawwatamuu danda'u yoo ta'u, addunyaa guutuurraa namoota miliyoonotaan lakkaa'amantu irratti hirmaata. Imaltoonni akkasumas magaalaa qulqulluu biraa Madinaas ni daawwachuu danda'u. Sa'uudiin akka jalqabbiitti baatii tokko keessatti amantoonni 60,000 qofti akka kadhannaa taasisaniif hayyamti. Lakkoofsi kun garuu gara boodaarra dabaluun ji'aan namoota miliyoona lama qaqqabuuf karoorri jiraachuu Ejansiin Piresii Saawudii (SPA)n gabaase. Sa'uudii Arabiyaan talaalliiwwan akka Pfizer/BioNTech, Oxford-AstraZeneca, Moderna fi Johnson & Johnson fa'iif beekkamtii kenniteetti. Daawwattoonni biyya alaa yoo barbaachisaa ta'e adda baafamanii turuuf waliigaluu akka qabaatan Ejansichi Ministira Ittaanaa Haajji, Abdulfaataah bin Suleemaan Maashat eeruun gabaaseera. Biyyattiin namoota koronaan qabaman 532,000 kan galmeessite yoo ta'u, namoonni 8,300 ammoo lubbuu dhabaniiru.
Biyyattiin namoota koronaan qabaman 532,000 kan galmeessite yoo ta'u, namoonni 8,300 ammoo lubbuu dhabaniiru. Gama biraatiin ammoo, maatii hojjattoota fayyaa kanneen sababii koronaavaayirasiitiin lubbuu dhabaniif beenyaa kanfaluuf akka ta'e miidiyaan mootummaa gabaaseera. Bara darbe tokkoon tokkoo maatii beenyaa riiyaala 500,000 ykn doolaara 133,000 ni argatu jedhamee ture.
Pirezidantii US Joo Baayidan: Odeeffannoon sobaa Facebook irraa namoota ajjeesaa jira Pirezidantiin Ameerikaa Joo Baayidan odeeffannoowwan sobaa miidiyaa hawaasaa irratti Covid-19 ilaalchisuun daddabarfaman ''namoota du'aaf saaxilaa'' jiru jedhan. Pirezidantichi kan kana jedhan wayita gaazexeessaan gaaffiin miidiyaalee hawaasaa kan akka 'Facebook' talaallii covid fi weeraricha ilaalchisuun odeeffannoowwan sobaa tamsaasuu ilaalchisuun gaaffii dhiyaateef deebii wayita kennaniitti ture. Waayit Hawuus odeeffannoowwan sobaa ittisuudhaaf dhiibbaa dhaabbilee miidiyaalee hawaasummaa irratti taasisu dabalaa jira. Facebook gama isaatiin fayyaa ummataa eegsisuuf ''tarkaanfiiwwan cimaa'' fudhataa jiraachuu himeera. ''Miidiyaaleen kunneen ummata ajjeesaa jiru,'' jechuun ture Baayidan kan Jimaata Waayita Hawuusiitti gaazexessaatti kan himan. Bakkeewwan weerarri covid itti jabaate bakka namoonni hin talaalfamnetti ta'u ibsameera. Qondaaltoonni fayyaa Ameerikaas du'aatii fi lakkoofsi namoota vaayirasii Covid-19 qabamanii ammaan tana dabalaa kan jiru hawaasa talaallii hinfudhatiin keessatti qofaadha jechuun akeekkachiisaniiru. Jalqaba guyyaa Jimaataatti ammoo, Barreessaan Pireesii Waayiit Hawuus Jeen Saakiin, Facebook fi miidiyaaleen hawaasummaa kan biraa odeeffannoowwan dogongoraa talaallichaa tatamsa'an dhaabsiisuuf dursanii hin hojjannee jedhan. ''Dhugaadha tarkaanfiiwwan isaan fudhatan jiru,'' jedhan. ''Haata'u malee caalaa wantoonni hojjatamu qabaatan akka jiran ifaadha.'' Dubbii himaan dhaabbata Facebook Keeviin Maakaliistar gama isaanitiin, dhaabbatichi ''himannaawwan ragaa qabatamaan osoo hindeegaramne irratti dhiyaataniin hinraafamu,'' jedhan. Akkasumas ibsa gara biraa dhaabbatichi baaseen, ''hanga ammaatti odeeffannoowwan dogongoraa Covid ilaallattaniifi akkaawuntiiwwan seera facebook cabsan miiliyoona 18 ol haqneerra,'' jedhe.
Akkasumas ibsa gara biraa dhaabbatichi baaseen, ''hanga ammaatti odeeffannoowwan dogongoraa Covid ilaallattaniifi akkaawuntiiwwan seera facebook cabsan miiliyoona 18 ol haqneerra,'' jedhe.
Indiyaatti namoonni Covid-19n dhukkubsatan dhibee agartuu balleessuun hubamaa jiru Weerarri lammataa koronaavaayirasii Indiyaa hedduu miidheera. Namootni hedduun guyya guyyaan du’aa, kumaatamaan kan lakkaa’aman lubbuun isaanii darbaa jira. Ammammoo oggeessoti fayyaa dhibamtoota Covid-19 bayyaanachaa jiranii fi bayyaannatan irratti dhibee ‘Bilaak Fangas’ jedhamu argaa jiru. Afaan meedikaalaan dhibeen mukoormaaykoosis jedhamu kun nama addaan baasee kan hubudha. Yeroo hedduu dhibeen kun biyyoo, biqiltoota, bobbaa’aa loonii ykn fuduraa tortore irraa kan dhufudha. Dhibeen kun qawwaaa qilleensi gara qaama keenyaatti seenuu fi somba hubuun keessummaa namoota dhibee dabalataa qaban ajjeessuu danda’a. Akka barameetti namootni dhibee shukkaaraa qaban, kanneen qaamni isaanii dhibee damdamachuu hin dandeenye, kanneen HIV- AIDS fi kaansarii qaban dhibee kanaan carraan du’uu isaanii bal’aadha. Carraan ajjeesuu isaa %50 kan ta’e dhibeen kun kan tatamsa’e namootni Covid-19 guddaa dhibaman erga qoricha humna kennuuf fudhachuu eegalaniin booda jedhu ogeessoti fayyaa. Qorichi isteerooyidii ykn hormonii namtolchee sombi akka hin dheekkamne kan godhuufi dandeetti dhibee damdamachuu qaamaa dabaluun kan beekamudha. Ta’us garuu namoota dhibee shukkaraa qabanii fi hin qabneef dandeetti dhibee ittisuu qaamaa isaanii hir’isuu danda’a. Yeroo kanattidha dhibeen mukoormaaykoosis kun nama hubu jechuun ogeessonni fayyaa ni ibsu. Indiyaa weerara koronaavayirasii lammaffaan midhamtee keessaatti hospitaalaa sadii keessaa kan hojjatu Dookatar Naayir ji’a darbee eegalee yoo xiqqaatee namootni 40 dhibee kanaan akka hubaman arguu isaa hima. Muddee darbee hanga Bitootessaatti yeroo jiru keessatti magaaloota gurguddoo shan keessatti namootni 58 dhibee kanaan hubaman argamaniiru.
Muddee darbee hanga Bitootessaatti yeroo jiru keessatti magaaloota gurguddoo shan keessatti namootni 58 dhibee kanaan hubaman argamaniiru. Namootni hedduun dhibee kanaan kan hubaman Covid-19 irrraa erga bayyaannatanii guyyoota 12-15 booda gidduuttidha. Mumbaayitti hospitaalli Saayon, ji’oota darban lama keessatti namootni 24 dhibee namoota addaan qoode hubu kanaan qabamuu isaani gabaaseera. Namoota kunneen keessaa kudha tokko agartuu isaanii tokko kan dhaban yoo ta’u, ja’a ammo lubbuun isaani darbeera. Magaalaa Beengaaluruutti oggeessa wal’aansa ija baqaqsanii hodhuu kan ta’an Dr Raanguraaj torban lamaan darban keessatti namoota dhibee mukoormaaykoosisiin hubaman 19 arguu isaaniifi hedduun isaani dargaggoota ta’uu himaniiru. Oggeessonni fayyaa dhibeen fangasii irraa dhufu kun weerara lammataa koronaavayirasiin akkas aritiin tatamsa’uun isaa akka isaan naasise himu. Dr Naayir yeroo wagga tokko hin gunnee darbe keessatti namoota dhibee kanaan hubaman 10 argachuu isaa hima. Ta’us garuu wagga kana hedduu aritiin tatamsa’uu isaa dubbata. Namootni dhibee kanaan qabaman funyaan isaanii ni duuda, ni funuuna akkasumas nannoo ija isaanitti dhukkubbii fi dhiita’uun itti dhaga’ama, Takka turuun ammo dandeettiin arguu isaanii dadhabaa deemuun dhuma irratti gutummaatti qaroo dhabbeeyyi ta’u. Dhibee kana ittisuuf qorichi gargaaru tokkoon isaa doolara 48 ykn gara birria 2000’n kan gurguramu yoo ta’u, qorichichaa walitti aansuun torbanoota hedduuf fudhachuun barbaachisaadha.
Guyyaa Narsootaa Idil-addunyaa: Ogeeyyiin fayyaa akkatti weerara koronaavaayirasii dandamatan Biyyoota addunyaa hunda keessatti weerara Covid-19 qolachuu keessatti narsoonni ga'ee olaanaa gumaachaniiru, garuu hojiinsaanii gaaga'ama lubbuu hamaaf isaan saaxileera. Guyyaa Narsootaa Idil-addunyaa ilaalchisuun BBC'n hojjettoota fayyaa Itaalii wayita weerarichi jalqabu dubbisee ture irra deebiin dubbisuun waan isaan keessa darban irraa iyyaafateera. Narsoonni kunneen miidhaa sammuu isaan mudate dandamachuun akkamiin akka har'a ga'an dubbatu. Paolo Miranda narsii kutaa namoonni akkaan dhukkubsatan keessatti yaalaman (ICU) keessa hojjetuudha, bara darbe waahillan isaa akkamiin miidhaa sammuu sababa weerara koronaavaayirasiin irra ga'u akka dandamataa turan suuraa kaasee olkaa'uuf murteesse. "Jireenya koo ammaa kanatti nan deebi'a jedhee gonkumaa yaadee hin beeku,'' jedhe. Suuraan inni walitti qabe narsoonni waahillan isaa ta'an osoo dhukkubsattoota Covid-19 yaalanii miidhamuu fi miidhaa sana jalaa ammoo akkamiin dandamachuuf akka yaalan kan mul'isudha. "Waan nurra ga'e yoomuu hin dagadhu. Yeroo muraasa booda garuu waanti kun seenaa ta'a,'' jedhee BBC'tti himee ture, yeroo sana. "Haalli hammaataan weerara vaayirasichaan walqabatee ture salphataa dhufus, nuti garuu akka waan dukkana keessa jirrutti miirri keenya miidhamaa ture.'' ''Akka waan qaamni keenya hundi nu madaa'eeti. Waan hundumaa keessa keenyatti qabanna.'' Ergasii jijjiiramni guddaan tokko jireenya Paolo keessatti mudate: Daa'ima argatee abbaa ta'e. "Daa'ima keenya Vittoria jenneen. Injifannoo (Victory) jechuudha. Yeroo balaafamaa kana keessa lubbuu namaa tokko gara addunyaatti fiduun abdii guddaa nutti hore.'' Haala bara darbe Itaalii keessa ture irraa miidhaa samuuf saaxilamuu kan himu Paolon, innii fi waahillan isaa jireenyaaf abdii kutatan hedduun osoo lubbuun jiranii daa'ima godhachuuf akka murteessan hima.
Bara darbe ji'a Guraandhalaa keessa Itaaliin addunyaarraa bakka weerarri vaayirasichaa itti hammaate taatee turte. Biyyi addunyaarraa badhaatuudha jedhamuun maqaa qabdu, sirni fayyaashee akka hin taanetti wayita cabu mata duree oduu addunyaa ta'ee ture. Yeroo sana Tuscany keessatti narsiin kutaa namoonni garmalee dhukkubsatan itti yaalaman keessa hojjetaa turte Martina Benedetti, gara fuulduraatti narsii taatee itti fufuuf abdii akka hin qabne BBC'tti himtee turte. Ergasii garuu onneenshee geeddarameera, hojii narsummaa akka hojii ajaayibaatti fudhachuu eegalte, garuu hojii namni kamuu hojjetu miti jette. "Umriinkoo akka waan waggaa kudhaniin dabalee natti fakkaate. Nama jabduu fi onnee ifaan ture... namni sun amma hin jiru.'' Barreessuun akka rakkoorra aantu ishee gargaareera. Dabaree ishee yeroo dheeraa booda wayita manatti galtu, osoo hin rafin dura waan itti oolte barreessiti. Waan walitti qindeessite sanas yeroo ammaa kitaabatti geeddaruuf jetti. Nama Covid jiraachuusaayyuu amanee hin fudhanne vaayirasichaan qabamte jedhanii yaaluun baayyee akka itti ulfaataa ture dubbatti Martinan. ''Dhukuubsattoota miidiyaa hawaasummaarratti namoonni akka maaskii hin uffanne kakaasaniifi kanneen narsootaan sobdoota jedhanfaan yaalaa ture.'' Yeroo ta'etti garuu sammuu namoota kunneenii akka geeddarte himti Martinan. "Namni Covid jiraachuu haalu tokko wayita wal'aanamee hospitaala keessaa ba'u feesbuukii isaa irratti faallaa yaada duraan barreessaa turee maxxanse. Kun anaaf injifannoodha.'' Giddu-galli qorannoo EngageMinds jedhamu narsoota Itaalii irratti qorannoo gaggeesseen, narsoonni dhukkubsatootaan walitti dhufeenya qabaachaa turan carraan dhibee sammuu hamaaf saaxilamuusaanii xiqqaadha. "Yeroo tokko tokko dhukkubsattoonnii fi firoottan isaanii akka waan narsoonni ba'aa dhiphuu isaanii irraa salphisaniitti fudhatu,'' jedha namoota qorannocha barreessan keessaa tokko Dr Serena Borello.
"Yeroo tokko tokko dhukkubsattoonnii fi firoottan isaanii akka waan narsoonni ba'aa dhiphuu isaanii irraa salphisaniitti fudhatu,'' jedha namoota qorannocha barreessan keessaa tokko Dr Serena Borello. Namoota qorannoon irratti gaggeeffame keessaa dhibbeentaa 90 kan ta'an gonkumaa hojiisaanii geeddaruu yookiin ammoo gara biraatti jijjiiramuu kanneen hin barbaanneedha. Namoonni akka Doktar Elisa Nannino hojiisaaniitti boonuun bakkuma jiranitti jijjiirama fiduu kanneen barbaadaniidha. "Weerarri kun akkan bakka hojii sirrii ta'e jiru naaf mirkaneesse. Ciminan ofirratti hin beekne bakkee naaf baase. Yeroo namoonni du'an wayitan argu nan boo'a, lubbuu namoota hedduus baraareera. Gatii nama kaffalchiisa.'' Dr Barellon sabab weerara Vaayirasichaa narsoonnii fi doktaroonni miidhaa sammuuf saaxilamuu danda'u sodaa jedhu qabu, miidhaan kun ammoo ji'oota booda yookiin waggoota booda deebi'ee kan itti ka'uu danda'uudha jedhan. "Waan mudatee darbe irratti yaada kennuuf wayita carraa argattu, wayita ati achuma jiraachuu kee fi hawaasi ammoo gara biraatti ce'uu hubattu, sammuunkee garmalee miidhama, mukaa'uu hamaa keessa galta.'' Hospitaalonni hojjettootaaf kunuunsa xiinsammuu gochuu qabu, akkasumas akka of kunuunsan haala mijeessuu qabu jette Dr Barellon. ''Hojjettoonni fayyaa waggaa darbe keessa jireenyasaanii dhiisanii lubbuu dhala namaa baraaruuf of kennaa turan, akka ofitti deebi'anii jireenyasaanii ijaarratan hospitaalli haalli mijeessuu qaba.''
Kaaba Keeniyaatti awwaalcha dubartii Covid-19n duuteen sodaan vaayirasichaa gandashee waliin ga’e Keeniyaa Kaawuntii Marsaabeet aanaa Saakuu keessatti namoonni ganda tokkoo sirna awwaalcha dubartii dhibee koronaan lubbuun darbe tokkorratti argaman dhibee kanaan qabamuu malu yaaddoon jedhu jiraachuu jiraattonni BBCtti himan. Jiraattonni ganda Mataa Arbaa hedduun hanga dubartiin kun dhibamtee wallaansaaf hospitaala geeffamtee booda lubbuun darbee qe'eetti deebisanii awwaalanitti, odeeffannoo dhibee koronaan du'uu ishee akka quba hin qabne dubbatu. Dubartiin kun dhibee Covid-19n akka lubbuu dhabde kan barames sirna awwaalchaarratti kan jedhan jiraattonni ganda Mataa Arbaa, hospitaalatti wallaanuurraa kaasee hanga awwaalchatti namuu wal tuttuqee waliin gaʼuu mala jechuun sodaachaa jiru. Dubartiin Covid-19n lubbuu dhabde Aadee Diiramuu Taadhichaa umriin ishee ganna 45 yoo ta'u, hospitaala guddicha magaalaa Marsabeetitti wallaanamaa turte. Namoota hospitaalatti ilaaluuf deeman keessaa tokko kan ta'an soddaa dubartii kanaa Abba Goollichaa Xachee Areeroo, Aaddee Diiramuun intalashee xiqqoofi obboleettiishee biraatti du’uu himu. Maatiifi jaarroleen ollaasheerra dhufan dhukkuba kanaan qabamuushee namni nuuf hime hin jiru jedhu. Ergasheen duuteen booda osoo itti hin himin maatii hospitaala turan manatti erguun reeffa fuudhuu yeroo deemamu akka isheen koroonaan duutee itti himuun akka isaan guwaantii godhatan ofumaan reeffa laastikiin maranii fudhatan daktaroonni ajajuu himu Abba Goollichaa. “Isanumaan mammartanii yoo konkolaataa argattan bakka ollaa geeffadhaa nuun jedhan. Nu ammoo akkasheen koroonaan duutee ofirratti hin beeknu turre. Maatiin asi [ishee waliin] turaniifi ijoolleen bira bulan manatti galanii namuu walitti mammaramanii boo’an.
Amma yoo isheen dhuguma koroonan duute maatii cuftii dhukkubicha argate jechuudha,” jedha. Itti-aanaa hoogganaa ganda Mataa Arbaa kan ta'an Abba Adan Waaqoo sirna awwaalcha dubartii koronaan duutee kanarratti argamaniiru. Dhukkubsachushee dhaga’uu himuun, garuu dhukkuba sukkaaraafi dhiibbaa dhiigaadha ittiin jedhan malee koroonaa ta’uu erga awwaala qotaniin booda isaanitti himamuu dubbatan. Hawaasni ganda Mataa Arbaa kun odeeffannoo dubartiin kun akka koronaan duute maaliif hin argatiin kan jedhu BBCn hoogganaa hospitaalicha Obbo Liiban Waaqoo duubiseera. Akka dubartiin dhukkubichaan lubbuu dhabde mirkaneessee, namoota reeffa fuudhuuf dhufanitti ammoo of eegannoo malu akka taasisan itti himuu dubbate. Itti-aanaan bulchaa gandaa Abba Adaan akka himuuttis, hoogganaan hospitaalaa Liiban Waaqoo seerri jijjiramuu itti himuun dabalataan nama akka erguuf beeksise. Darbee ammoo maatiin reeffa dhufanii fuudhan uffata doktaroonni yeroo wallaansa baqaqsanii yaaluu uffataniifi guwaantii kewwachuu hime. “Isaan uffata Covid-19 ittisuu kan doktaroonni kewwatan godhatanii dhufnaan, namoonni awwaala dhufan warra akkas uffate kana arganii baqachuu eegalan. Kun ammoo sababa waan deema jiru beekuu dhabaniif,” jechuun hima Abba Adaan. Wanti nama gaddisiisu garuu, namoonni hedduun sirna awwaalchaa kanatti hirmaate cufti sababasheen duuteef beekuu dhabuun, walitti makamanii, harka wal-fuudhanii akkuma durii kaan awwaaluu eegalan jedha. “Dhukkubi kun hamaadha, namni walirraa fuudha. Amma wanti ani akka hoogganaasaaniitti gorsaa jirudha. Guyyaa 14 keessatti akka namuu manasaanii jiraatan, akka walga’iin tokkolleen hin jiraanne Mataa Arbaa keessatti. Tajaajiltoonni fayyaas asi dhufanii maatiisheefi ollaa kana qorachuu qabu,” jedhe. Jaarsii ganda Mataa Arbaa Abba Waariyoo Jabaa asitti maaliif akka namoota achii ture beeksisuu dhabaniifi doktaroonni akka aadaatti reeffa fuudhanii awwaaluu maaliif dhaban jechuun aariitiin hoogganoota hospitaalichaa gaafachuu hima.
Hata’u malee, hoogganaan hospitaala Marsabeet Liiban Waaqoo gama isaatin, doktarooti awwaaluu deemuu akka dhaaban maatiitti himuu dubbata. “Afaan kiyyaan itti hime, uffata isaan keewwatan kan nama alaatti hin kennineefi maskiifi saanitayizarii kenneefii koroonan irra of ittisaa jedheeniira. Reeffa hanga konkolaata geessanitti gargaaree galata nuuf deebisanii deeman,” jedha. Liiban ergasii hoogganaan ollaa maaliif akka tajaajiltoonni fayyaa hawaasa awwaaluuf reeffa faana akka hin dhufiin gaafachuu himuun, akka nama ergan gaafachuun isaalleen hin erginaa rakkoon hin jirtu jechuu ibsa. “Wanti taate dabarte, amma dogoggora kan raawwate qaama kana wanti hin godhamin kana jechuun hin barbaachiisu, maatii namni keessaa du’en dhiifama gaafadha,” jedha Yoo du’a doktaroonni mirkaneessan, reeffa atattamaan adda baasanii osoo hin dhiqiin, uffata sireetin maranii, saanduuqa keessa kaa’anii akka qilleensi keessa hin baanetti cufamuu qaba. Itti aansudhaan guwaantii, saanitaayizarii alkoolii qabuun qulqulleessuu. Saanduuqa reeffallee karaa cufaa isaatiin alkooliin qulqulleesssuun dirqama. Reeffallee nama osoo hin taane sireedhaan baatanii konkolaataa keessa kaa’uu barbaachisa. Siree irra deebi’udhaan qulqulleessuun dirqama. Gama biraan ammoo hojjettoonni namoota dhukkubichaan du’anin tajaajilan, fakkeenyaaf hospitaala, ambulaansiifi bakka awwaalchaa hojjetan ittisaaf to’annoo dhukkubichaarra lenjii argachuu qaban. Awwaalchi nama koroonan du’ee of eeggannoodhaan to’annoo ogeeyyii fayyaa hawaasaa jalatti raawwachuu qaba. Kun sa’aatii 48 keessatti ta’uus qaba. Namoonni reeffa geessuu deeman uffata yeroo tokko qofa itti fayyadaman, maaskiifi guwaantii lama walirraan kewwachuu qabu. Maatiin reeffa qaqqabachuufi ilaaluun dhorkaadha.
Maatiin reeffa qaqqabachuufi ilaaluun dhorkaadha. Konkolaatan bakka awwalchaa geessuf, hojjettoonni fayyaa hawaasa bira jiraachuu qaban, akka yoo karaatti rakkoon mudate qajeelchuu danda’u. Sirna awwalchaarratti namoonni hirmaachuu qaban 15 qofa ta’uu qaba. Kulleen walirra fagaachuun dirqama. Haata’u malee, Aadde Diiramuu awwaaluuf qajeelfamni mootummaa kun tokkolleen hojiirra hin oolle jedhan. Namoonni awwaalaa dhufan dhibbaan lakka’aman kan lenjiin akka itti awwaalan ykn awwaalan deeman hin kennamiiniifidha. Reeffa Aadde Diiramuu hojjetoonni fayyaa hawaasa faan hin dhufne. Kaawuntii Marsabeet keessatti hoogganoota mootummaa dabalatee namni koroonan du’an guyyaa guyyaan dabalaa jira. Waliigalaatti Keenyaa keessatti namoota 1,611,679 koronaavaayirasiif qorataman keessa 152,523 kan ta'an qabamuun kanneen 2,519 ta'an ammoo dhibee kanaan lubbuu dhabaniiru.
Koronaavaayiras: Itoophiyaan Covid-19 hammaachaa jiru to'achuuf tarkaanfiiwwan cimaa hojiirra oolchuuf Tatamsa'ina koronaavaayirasii ittisuuf tarkaanfiiwwan ciccimo qajeelfamoota kana dura bahan keessa jiran hojiirra oolchuuf eegaluuf akka ta'e Ministeerri Fayyaa Itoophiyaa beeksise. Kana dura weerara addunyaa walgahe kana to'achuuf qajeelfamni bahe jiraatus akkatti hojiirra oole irratti rakkoon akka jiru kan ibse ministeerichi, yeroo ammaa of dagachuu ummata keessa jiru sirreessuuf tarkaanfiiwwan kaa'aman hojiirra akka oolchu ibse. Itoophiyaa keessa booda kana hangi namoota dhukkubsataniis ta'e, wal'aansa addaa barbaadan akkasumas lubbuu dhabanii dabaluu ragaan ministeerichi baasu agarsiisa. Ogeeyyiin fayyaas kanumaan yaadda'uu ibsu. Tatamsa'ina dhukkubichaa sadarkaa yaaddessaarra gahe jedhame to'achuuf Ministeerri Fayyaa, Abbaan Alangeefi Poolisiin Federaalaa tarkaanfiiwwan hojiirra oolchuufi. Raawwatamuu isaas akka hordofan ifa godhaniiru. Akka tarkaanfii hojiirra oola jedhametti taanaan namni vaayirasicha qabu ummata keessa osoo hin seenin of eeggannoo akka taasisu, akkasumas haala vaayirasicha nama kaanitti dabarsuun tuttuqqaa yoo taasisan seeraan nama gaafachiisa. Dabalataanis, eessattiyyuu maaskii osoo hin godhatiin socho'un dhorkameera. Kanneen dhaabbilee daldalaafi kaanitti tajaajila kennaniis ta'e kanneen ittifayyadaman maaskii godhachuun dirqama ta'eera. Walgahiiwwan taasifaman qajeelfamaa kana dura bahan hordofee raawwatuu isaanii to'annoon ni taasifama jedhame. Kanneen qajeelfama bahe hojiirra hin oolchine irratti tarkaanfiin akka fudhatamu Abbaan Alangee ibseera. Itoophiyaa keessatti torbanoota muraasa darban kanneen wal'aansa addaa barbaadan dabaluun hamma hospitaalonni kessummeessuu danda'an ol ta'u, akkasumas hanqinni meeshaa oksijiniin itti harganan qunnamuu torban darbe ibsameera.
Itoophiyaa keessatti torbanoota muraasa darban kanneen wal'aansa addaa barbaadan dabaluun hamma hospitaalonni kessummeessuu danda'an ol ta'u, akkasumas hanqinni meeshaa oksijiniin itti harganan qunnamuu torban darbe ibsameera. Akka ragaan Inistitiyutii Fayyaa Hawaasaa Itoophiyaa agarsiisutti erga vaayirasichi Itoophiyaa seenee lakkoofsi guddaa guyyaa tokkotti hammi namoota vaayirasichaan lubbuu dhaban agarsiisu booda kana galmaa'eera. A.L.I Bitoteessa 11, 2013 hanga Bitoteessa 17, 2013'tti qorannoo taasifameen namoonni 12,758 vaayirasichaan qabamuun kan mirkanaa'e yoo ta'u guyyoota kana keessatti namoonni 151 vaayirasichaan lubbuu dhabaniiru. Guyyaa Jimaataa qorannoo taasifameen namoota 8,171 keessaa 2,097 vaayirasichaan qabamuun mirkanaa'eera. Kana jechuun namoota 100 keessaa 26 vaayirasichaan qabamaniiru jechaadha. Ragaa hanga ammaa jiruun Itoophiyaa keessa namoonni 196,621 vaayirasichi kan irratti argame yoo ta'u 2,769 immoo vaayirasichaan lubbuu dhabuu Ministeerri Fayyaa Itoophiyaa ibseera. Itoophiyaatti talaalliin koronaavaayirasii ittisu kennamuu eegaluun isaa ni yaadatama.
Covid-19: Haala Raashiyaan Pireezidant Vilaadimiir Puutiin Covid irraa eegdu Weerarri koronaavayiras erga mudate jalqabee, aanga'oonni Raashiyaa pireezidantii biyyattii Vilaadimiir Puutiin vaayirasichaan qabamuurraa baraaruuf fageenya guddaa deemaniiru. Garuu malli adda baasuu Kiremliin akkamiin qindaa'a? Maallaqa hagamiitu itti baha? Bara dabre keessa, Raashiyaa keessa namoonni dhibbaan lakka'aman Puutiinin walarguu isaaniin dura, yeroo muraasaaf adda bahanii tursiifamu. Gariin pireezidanticha osoo hin taane, nama isa arguuf deeman wajjin walitti siqeenya waan qabaniif jecha adda of baasuuf dirqamanii turan. Bitootessa 25, 2020 Puutiin ummatatti as bahuun vaayirasichi biyyattii keessa saffisaan waan faca'aa jiruuf, Ebla 1rraa eegalee uggura labsan. Boodarras uggurichi hojiirra ooluun, suuqiiwwan murteessoo hin taane jedhaman akka cufamaniifi baay'atanii walitti qabamuun dhorkamuun, hawaasni garri caalu manaa akka hojjetu taheera. Gama kaaniin, gareen balallii addaa pireezidantichaafi qondaaltota olaanoo biyyattii tajaajilan Rossiya jedhaman, yeroo jalqabaaf Bitootessa 26 eegalee hoteela keessa adda baafaman. Waa'ee Puutiin odeessaalee biroo: Ergasii paayilatoonni, hakiimonni, shufeeronniifi hojjettoonni qarqaarsaa biroo, akkasumas kanneen pireezidanticha daawwatan dhibbaan lakkaa'aman; hoteelota garagaraa keessa akka adda bahanii turan taasifameera - kunis Puutiin Covid-19 irraa eeguuf jecha. Dhiyeenya kana Puutiin talaallii achuma Raashiyaa keessatti midhaaffame fudhachuun isaanii gabaafamee ture - garuu isa kam akka tahe ifa hin taane. Kun tahus, waliigalteen hoteelota itti adda of baasan wajjin galame haga bara dhufuutti tura.
Akka herreega BBC Raashiyaatti waajirri pireezidant Puutiin, bajata mootummaarraa weerara qolachuuf akka oolu ruubilii biiliyoona 6.4 yookaan birrii Itoophiyaa biiliyoona 3 ol fudhateera. BBC Russia yoo xinnaate hoteelota 12 kan Kireemlin namoota adda itti baasu argateera. Hoteelonni kunneenis Magaalaa Mooskoo fi naannawashee, dhiyeenya kan of jala galfatte Crimea fi naannawa magaalaa Soochii keessatti argamu. Tarree hoteelotaa kana keessa hoteelli dhuunfaa hinjiru - hoteelonni keessummoonnifi hojjettoonni adda baafaman hunduu kan Daarektoreetii Pireezidantichaati. Gariin haga Bitootessa 2022tti qabamanii jiru. Hoteelota kanneen keessa irra hedduun kan turan hojjettoota balallii Rossiya jedhamanidha. Gareen balallii addaa kun pireezidant Puutiin, MInistira Muummee Mikhail Mishustin dabalatee, qondaaltota olaanoo biyyattii tajaajilu. Aabba Puutiin bara dabre gara caalu, manasaanii Sochiitti argamurraa hojjechaa akka turan BBC Russian bira gaheera. Namni dhimma kanaaf dhiyeenya qabu akka himetti, paayilatoonni fi hojjettoonni balallii hedduun anga'oota kanneen geejibsiisuuf, achuma naannoo Sochiitti adda of baasanii turu. Kanneen keessaas paayilatoonni xiyyaaraafi heelikooptaraa keessatti argamu. Kabajni waggaa 75ffaa injifannoo Waraana Addunyaa 2ffaa silaa Raashiyaa keessatti haalaan kabajamaayyu. Yaadannoon waraana Raashiyaan sirna Naazii injifachuu keessa qabdu, mootummaa Puutinif madda gootummaati. Kabajni Guyyaa Injifannoo Raashiyaa, Caamsaa 9 Addabaabaayii Diimaatti (Red Square) kabajama ture. Guyyaan kun Waxabajjii 24, 2020tti dabarfamee kan ture wayita tahu, haala kanaan duraarraa xiqqaa taheen kabajamee ooleera - agarsiisni waraanaa garuu biraa hin hafne ture.
Gaafas namoonni waraanaafi bebbeekamoon Aabba Puutiin harka fuudhuun, badhaasas harkaa fudhataniiru. Akka gabaasa Bloomberg'tti pireezidantichatti siqanii harka fuudhuun dura, namoonni 200 ol ayyaana kana dura torban lamaaf adda of baasanii turaniiru. Dubbi himaan Kremlin Dimiitrii Peskov akka mirkaneessanitti, agarsiisa kanaan dursee ''gareen namoota waraana keessa tajaajilanii, haala gaarii keessa adda baafamanii turan,'' jedhan. Tahus kun kan taasifame, ofeeggannoodhuma jaraatiif jecha tahuu cimsanii dubbatan. Miidiyaaleen biyyaalessaa Raashiyaa TASS fi RIA-Novosti jedhaman, hoteelota Moskoo keessaa tokko bakka gaazexeessitoonni 20 adda of baasuuf waa hunda kan guutedha jechuun gabaasan. Kutaan itti turanis kan nama tokko qofaaf qophaa'e ture - wayita qulqulleeffamu qofa bahu turan. Qaamaan walarganii haasa'uu baatanis, gama intarneetaan qofa haasawu turan. Sijaaraa xuuxus tahe, alkoolii dhuguun hin eeyyamamuuf ture. Meeshaan alaa ergamee galuufis kan kennamuuf, erga sakkatta'amee fi qulqulleeffame booda. Rippoortaroonni adda baafaman kunniin guyyaatti yeroo sadii nyaata argatu ture. Nyaatni isaanis kutaasaanii alatti dhiisameefi achii fudhatu malee, qaamaan wal hinargan. Meeshaaleen nyaanni itti dhufus, kan yeroo tokkotti fayyadamanii gatamanidha. Kanneen jara kana wajjin walargan hunduu, uffata ofeeggannoo guutuu godhatu. Qondaalonni mootummaa naannoorraa dhufuun Aabba Puutiniin walarganis adda baafamanii turuu gabaasaaleen ni muldhisu. Fakkeenyaaf, aanga'oonni magaalaa Sarov jedhamtuu ''wayita daawwannaa Pireezidantichaa tatamsa'ina weerara koronaavaayirasii qolachuuf'' jecha doolaara 13,000 ramadaniiru. BBC Russian hojjettooni bulchiinsa Sarov 20 ta'an mana ciisichaa namoota waraanaaf qophaa'e keessatti adda baafamanii turuu baruu danda'eera.
BBC Russian hojjettooni bulchiinsa Sarov 20 ta'an mana ciisichaa namoota waraanaaf qophaa'e keessatti adda baafamanii turuu baruu danda'eera. Baasii namoota kanaaf bahe keessaa, sireewwan, uffata siree gubbaa, kaawuyyaa fi bakka meeshaa itt kaa'an furtuu nageenyaa qabu. BBCn dubbi himaa Kiremlin, dhimma ofeeggannoo cimaafi guddaa Pireezidant Puutiin vaayirasicharraa eeguuf fudhatamaniifi biyyootni biraa tarkaanfiwwan akkasii ni fudhatu taanaan akka quba qaban gaafateera. Dmitry Peskov dhimma kanarratti nutti hin dubbanne.
Haa ta'u malee namoota kanneen keessaa kan baay'ee dhukkubsate hin jiru jedheera poolisiin.
Dargaggoonni qo'annoof jecha osoo beekanuu irra deebiin Covid qabsiifamuuf Dargaggoonni fayyaa guutuu qabaniifi amma dura Covid-19n qabamanii dandamatan, qorannoo irra deebiin vaayirasicha isaan qabsiisu keessatti fedhiin akka hirmaatan gaafatamaa jiru. Ogeeyyiin qo'annoo ji'a kana jalqabu duuba jiran, sirni madiinummaa qaamaa marroo lammeessoof akka dandamatu baruu barbaadu. Kaayyoon qorannichaas weerara kanaaf wal'aansa fooyya'aafi talaallii qopheessuudha. Namoonni gannisaanii 18-30 tahe 64 tahan kutaa hospitaalaa kanaaf qophaa'e keessa guyyoota 17'f hordoffiin taasifamaafi turu. Jarri kun gosa vaayirasii kanaa kan jalqabaa Wuhaan Chaayinaatti argameef irra deebiin saaxilamu. Kunis kan tahu ''bakka nageenyisaa eegameefi hordoffiin ogeeyyii fayyaa jirutti'' jedhameera. Marroon jalqabaa qo'annoo kanaa dhaabbata Wellcome Trust jedhamuun maallaqaan kan deeggaramu oggaa tahu, hanga vaayirasichaa daran xiqqaa tahe, garuu walhoruu kan danda'uufi mallattoo cimaa namatti kan hin fidne gochuufi kaayyoonsaa. Achis marroo lammeessoo qo'annoo kanaan, dooziin xiqqaan vaayirasichaa kun kanneen qo'annoo kanarratti hirmaataniif kennama ykn akka qabaman taasifama. Qo'annoo ji'oota muraasaan booda eegalu kanaan, fedhiidhaan kanneen hirmaatan, yoo mallattoo agarsiisu taanaan, yaalii antiboodii jedhamu ni kennamaaf. Kanaanis vaayirasicha ofirraa ittisu. Kan gadhiifamanis erga vaayirasicharraa dandamataniifi nama biraatti dabarsuu dhabuun erga mirkanaa'e booda. Yunivarsiitii Oksoford irraa qo'annicha kan gaggeessan Profesar Helen McShane akka jedhanitti: ''Qo'annoon gosa akkasii (Challenge studies) goosotni qo'annoo biraa wanta nutti hin himne nu barsiisu.
Yunivarsiitii Oksoford irraa qo'annicha kan gaggeessan Profesar Helen McShane akka jedhanitti: ''Qo'annoon gosa akkasii (Challenge studies) goosotni qo'annoo biraa wanta nutti hin himne nu barsiisu. Akka uumamaan kanneen qabaman osoo hintaane, hordoffii cimaatu irratti godhama. ''Hirmaattota kanniin wayita irra deebiin [vaayirasicha] qabsiifnu, sirni madinummaa isaanii yeroo duraatif wayita qabamanitti akkamiin akka hojjechaa ture sirriitti beekna. Akkasumas marroo lammaffaaf wayita qabamaniifi hanga vaayirasii hangam qabu kan jedhus baruu dandeenya. Hubannoo qabnu irratti nu dabaluun alatti, qorannoolee sirrii namoonni akka eegaman godhu argachuufis nu gargaara.'' Yunivarsiitii Warwick irraa Prof Lawrence Young ammoo waan jedhan: ''Qo'annooleen 'Human challenge studies' jedhaman kunniin, hordoffii jalatti waa'ee infekshinii ragaa murteessaa tahe akka argamsiisan seenaan ni mul'isa. Kana malees bu'a-qabeessummaan talaalliis akka sirnaan qoratamu gargaara. ''Hubannoo nuti waa'ee vaayirasiin qabamuu fi deebii madinummaan qaamaa kennu qabnu daran fooyyeessa. Dabalataanis, qophii talaallii fi yaalii farra-vaayirasii itti jirruuf odeeffannoo murteessaa tahe nuu kenna,'' jedhan.
Koroonaavaayiras: 'Obbooleettiin kiyya wayita du'aa turte 'akkan faanashee hordofu natti himte' Areemaa Nasreen ogummaan narsii kan turte yoo ta'u umuriin baayyee dargaggeetti turte. Isheenis hojjattoota fayyaa jalqaba wayita weerarri dhibee Covid- 19 mudatu ittiin du'an keessaa tokko. Erga isheen duuteen waggaa tokkoon booda obbooleettiin ishee attamiin jechi dhumaa Areemaa akka kallattii jireenyaa ishee geeddare dubbatti. Kaazeemaa Afzaal yeroo dhumaatiif obbooleetti ishee kan wal agarteen wayita isheen veenteleetarii argachuuf hospitaalaa galteedha. Lamaan isaanitu umurii shamarrummaatii qabanii oggummaa fayyaa irra hojjatu. ''Isheenis harka ishee raasaa siin jaaladha naan jette'' jetee attamiin karra cufamee duuba akka galte yaadatti Kaazemaan obbolleettii ishee kan umurii waggaa 36. Garuu Areemaan ergaa dhumaa dabarsitu tokko qabdi ture. ''Akkas jette 'obboleettiikoo.. akka cimtee hojjattuun barbaada. Akka duukaa kiyyaa hordoftuun barbaada,'' jette Kaazeemaan. Dhummarratti kan isheen jette kana ture jetti. Obboolaa lamaan kunneenis Inglizii, Weest Miidlaands keessatti obboleettii isaani qixusuu Ash waliin guddatan.Areemaanis Kaazeemaa waggaa sadii qofaan caalti turte. Garuu isheen ''akka haadhaa turte'' jetti. Jireenyi isaaniis waliif ofiilaalii ture. Areemaa fi Kaazeemaa osoo umurii shamarranii keessa jiranu ture gaa'iila dhaabbachuf gara Paakistaan deemanii kan ture. Isaanis guyyaa tokkootti dhiiroota obboolaatti heeruman. Baatii jahaaf waliin jiraatanis. ''Dafnee guddanee, dafnee ijoollees goodhannee'' jetti Kaazeemaan. Obbolaan kunneenis ijoollee sadii godhataniiru. Sirriyyuu isa dhumaa guyyaa walfakkaatuutti dahanii ture.
Lamaanu hojii eegaluu baayyee saffisaa turan. Areemaan Hospitaalaa naannoo jireenyaa isaaniitti aragamu Maanoriitti waggaa 19tti bara 2003tti eegalte. Obboleettiin ishee quxiuunis dafteetuma ishee hordofte. Narsii ta'u hawwii obboleetti angafaa kan yeroo hundaa ture. Deeggarsa abbaa warraashee Faasil Taahseentiin, miseensa maatii kan jalqabaa yunvarsitii gale taate. Bara 2009ttis hosptaalaatti narsii ta'uun hojii itti eegalteetti hojii argatte. ''Inis hawwii yeroo ijoolluummaa ishee ture,'' jetti Kaazeemaan akka kana dhugomfattuuf deeggarsa abbaan warraa obbolleettii ishee taasiiseef galateeffachaa. ''Dubartii Ashiyaatiif erga heerumteen booda barachuun, keessattuu abbaa warraa biyya biraatii dhufeef baayyee rakkisaadha. Garuu inni hanga dhumaatti ishee deegaraa ture. 'Waan barbaadee hojjadhu' jedhaan turees.'' Oggummaan narsummaas amalaafi laphee isheen namaaf qabduu ni ta'a ture. Baayyee namootaaf kunuunsa taasifti turte jetti wayita mala oboolleettii ishee ibsitus. Kana malees yeroo hunda namoota gargaaruuf maallaqa gara biyyaatti ergaa turu himti. Dhukkubsattootaafi maatiis hospitaala keessa hijjatuutti haala garaa garaatiin gargaaraa turte. Sababii kanaanis Areemaan Kutaa Wallaansa dhukkubsattoota cimoo (acute medical unit (AMU))tti baayyee beekamu taate. Akkuma baatii sadiif kutaa sana keessa hojjatteen dhukkubbii dugdaa himachuu eegalte. Maatinis dhiibbaa sochii mana isheetii jedhanii yaadanii ture. ''Gonkumaa dhukkubsattee hinbeektu'' jetti Kaazeemaan. Yoo isheen dadhabbiifi rincicummaan himattu, hunduu baayyee waan hojjattuuf jennee turre. Qufaan boodarra dhufe.''
Bitooteessa bara 2020 wayita waa'ee mallattoowwan weerarichaa wanti beekamuu wan muraasni qofa ture. Areemaanis hojiishee ittuma fufte. ''Dabareen dhumaa baayyee rakkisaa ture,'' jechuun yaadatti haala yeroo sana ture. ''Akka gara manaa galtuuf itti himne isheen garuu turu barbaadde. Afuura baafachuuf rakkataa turte.'' Baayyee dadhabaa wayita adeemtu maatiin ambulaansii waaman. Qorannoo taasifameen sodaan ishee adda bahe. ''Isheenis ergaa barreeffammaa naaf ergiteen Covid-19 qabamuu emoojii boossuu waliin naaf ergite. Isheenis hospitaalichatti hafte. Guyyaa muraasaan booda Sombi kiyyaa guteera'' jechuun erguuf yaadatti. Achiin kutaa dhukkubsattoonni ciminaan dhukkubasatan itti wallaanama geeffamte. Kaazeemaan mana haabee fiiguu akka eegalte yaadatti. Jalqabarratti waan itti fooyya'e fakkaate ture. Booda garuu Areemaan baayyee dadhabaa adeemte. ''Bilbila naaf bilbilanii, 'baayyee gaddinaa' naan jedhan- anis maal jechuudha, obboleettiin kee duute jechuu barbaaddee?'' jedhe. ''Isheenis harka abbaa warraa irratti ture.'' Obboleettiin quxisuunis akka oggummaa ishee hordoftuuf yeroo baayyee obboolaan lamaan ni dubbatu turan. Garuu ishee barnoota sadarkaa lammaaf waan hinxumurreefu hin abdattu turte. ''Gonkumaa hindanda'u, cimtu miti hinjedhiin. Na aman ni dandeessa'' jechaa turte. Ergasiin boodas sammuu koo keessatti eddoo qabate. Obbolleettii ishee dhabuun kan baayyee ishee miidhe ta'ulleen, Kaazeemaan kutaa obboleettiin ishee keessa hojjataa turteetti oggeettii kunuunsa fayyaa ta'uuf cimina argatte. Torban kanas kunoo apaarantishippii eegalte jirtii Koolleejjii Waalsaatti.
Torban kanas kunoo apaarantishippii eegalte jirtii Koolleejjii Waalsaatti. Kunis narsii mirkanooftuu ta'uu daandii kan banuufiidha. "Irsaasii dhukkubsattootaafi irreegtuu kiyya argadheera. Akka barrattuu mana barnootaattiin gammachuun butadhee fudhadhe,'' jetti gammachu itti dhagahame yoo ibsitu. Suuraan obbooleettii ishee keenyaa hospitaalichaarratti fannifamee jira. Afuurri ishee ammalleen akka jiruutti yaaddi wayita hirriyyota obboolleettii ishee waliin hojjatuutti. Yaadannoo Areemaatiinis carraa iskolaarshippii dhaabbateera. Kaayyoonisaas nama oggummaa narsii barachu barbaaduun garuu kanfalachuuf hindandeenyeef deeggarsa maallaqaa barbaaduufiidha. Fayyadamaan jalqabaas dhiyootti beeksiifamuuf jira. ''Leegaasiin Areemaa jiraataa ta'ee itti fufuuf'' jetti Kaazeemaan. Hundi keenyaa waa'ee isheetiin ni boonna. ''Namoonni waan tokko fiixaan baafachu hindanda'u jedhanii yaadanis akka isheen kakka'umsa argatanan barbaada, Ni danda'us,'' jetti.
Talaalliin Covid-19 jalqabaa miliyoona 2.2 Itoophiyaa seene Talaalliin koronaavaayirasii jalqabaa miiliyoona 2.2 ta'u har'a ganama Itoophiyaa seene. Talaallii marsaa jalqabaa tatamsa'ina koronaavaayirasii ittisuuf oolu kuni har'a (Guraandhala 28, 2013) ganama Finfinnee kan seene yoo ta'u walta'iinsa idil-addunyaa talaallin hunda akka walgahuuf hojjetu - kovaaksi (Covax) irraa kan argamedha. Talaallin kuni Itoophiyaa seenuun isaa sadarkaa idil - addunyaatti qoodinsa talaallii farraa Covid-19 haala hundaaf walgahuun carraaqqii taasisfamu kan agarsiisudha jedheera dhaabbati fayyaa Addunyaa damee Itoophiyaa. Talaalliin covid Itophiyaa seene kan 'Astra Zeneca' jedhamudha. Talaallii kana biyyatti galchuun kuni reefu eegale malee torban itti aananif akka itti fufu eerameera. Talaalliin gosa 'Astra Zeneca' Inistitiyuutii Seerum Hindiitin oomishame Daandii Qilleensa Itoophiyaan gara biyyaa galfamuu ibsameera. Ministeerri Itoophiyaa akka ibsetti kanneen talaallii kana fudhatan adda baasuun eegalameera. Kana dura Ministirri Fayyaa Itoophiyaa Dr Liyaa Taaddasaa kanneen dursi kennamuuf kutaalee hawaasaa dhukkubichaaf saaxilamoo ta'an akka ta'e eeraniru. Kanaanis, ogeeyyii fayyaa, hojjettoota fayyaa hawaasaa, kanneen tajaajila geejjiba ummataa kennan dursii kennamaaf jedhan. Talaalliinis guyyoota muraasa keessatti eegala jedhamee eegama. Itoophiyaa keessatti yeroo ammaa lammiilee miiliyoona 2.17'f qorannoon kan taasifame yoo ta'u 165,000 ol vaayirasichaan qabamaniiru. Qorannoo kaleessa taasifameen namoonni dabalataa 16 du'uun ibsameera. Akka ragaan Ministeera fayyaa Itoophiyaa agarsiisutti hanga yoonaa lammiileen 2,420 vaayirasichaan lubbuu dhabaniiru.
Akka ragaan Ministeera fayyaa Itoophiyaa agarsiisutti hanga yoonaa lammiileen 2,420 vaayirasichaan lubbuu dhabaniiru. Vaayirasiin addunyaa waliin gahe kuni yeroo jalqabaaf Itoophiyaatti kan argame baatii Bitoteessa keessa lammii Jaappaan irrattidha. Yeroo ammaa tatamsa'inni vaayirasichaa dabaluu fi ummannimmoo of dagachuu ibsuun of eeggannoon akka taasifamu ministeerri fayyaa dhihoo ibseera. Sadarkaa idil - addunyaatti lammiileen miiliyoona 116 ol vaayiraasichaan kan hubaman yoo ta'u miiliyoona 2.5 ol kan ta'an immoo lubbuu dhabaniiru. Biyyoota addunyaa keessaa vaayirasichaan caalmaatti kan hubames ta'es lammiileen hedduu kan jalaa dhuman Ameerikaadha. Tatamsa'inni weerara vaayirasichaa fayyaan alatti diinagdee, siyaasaafi hawaasummaa lammiilee addunyaa haalaan kan hube yoo ta'u talaallii saffisaan hundaaf walgahuuf hojjetamaa jira.
Itoophiyaan talaallii Covid-19 kennuu eegalte Itoophiyaatti talaalliin Covid-19 kennamuu eegale, jalqabarrattis qondaaltonni mootummaa olaanoon talaallicha fudhataniiru.Itoophiyaan torbee darbe keessa gosa talaallii AstraZeneca doozii miiliyoona 2.2 argattee turte. Talaalliin biyyattiin argatte kun naannoolee fi bulchiinsa magaalotaaf qoodameetu har'a kennamuu eegale. Haala kanaan magaalaan Finfinnee, naannoon Amaaraa, Oromiyaa, Hararii, Somaalee fi naannooleen kaan akkaataa sagantaa qabameen talaallicha kennuu ifatti jalqabaniiru. Ministirri Fayyaa Itoophiyaa Dr Liyaa Taaddasaa naannoo lolli keessatti baname Tigraay, magaalaa Maqaleetti argamuun sagantaa kenniinsa talaallii kana jalqabsiisaniiru. Pirezidaantiin bulchiinsa yeroo naannochaa Dr Muluu Naggaa fi qondaaltonni mootummaa olaanoon biroon talaallicha fuhdataniiru. Hoogganaan Biiroo Fayyaa Bulchiinsa magaalaa Finfinnee Dr Yohaannis Caalaa, waa'ee talaallii kanaa wanti odeeffamu soba ta'uu himanii , ofiisaaniifillee talaallicha fudhachuu ibsaniiru. Gosti talaallii Itoophiyaan argatte AstraZeneca jedhamu dhiiga kantarsa sodaa jedhuun biyyoonni Awurrooppaa kennuu addaan kutaniiru. Talaalliin kun Hospitaala Ispeeshaalaayizdii Falaga Hiwot jedhamu kan naannoo Amaaraa magaalaa Bahardaar keessatti argamu keessattis kennamuu eegaleera. Bulchaa naannochaa dabalatee qondaaltonni mootummaa olaanoon talaallicha fudhachuun sagantaa kana eegalchiisaniiru.Nannoon Amaaraa ga'ee akka biyyaatti jiru doozii miiliyoona 2.2 keessaa kuma 108 argachuusaa Inistitiyuutiin Fayyaa Hawaasaa naannochaa ibseera. Bulchaa Itti Aanaan naannoo Somaalee Obbo Musxafee Mahammadis talaallicha fudhachuun sagantaa kana eegalchiisaniiru. Doozii 108 argachuu kan ibsan Obbo Musxafeen, ''kutaalee hawaasaa vaayirasichaaf daran saaxilamoo ta'aniif talaallicha waliin ga'uurratti hatattamaan hojjenna,'' jedhan.
Doozii 108 argachuu kan ibsan Obbo Musxafeen, ''kutaalee hawaasaa vaayirasichaaf daran saaxilamoo ta'aniif talaallicha waliin ga'uurratti hatattamaan hojjenna,'' jedhan. Itoophiyaatti erga weerarri koronaavaayirasii eegalee namoonni 172,571 qabamaniiiru, kanneen keessaa 2,510 kan ta'an du'aniiru.
Koronaavaayiras: Talaalliin Covid-19 hanga ammaatti hojiirra oolaniifi haaraa dhufaa jiran isaan kam? Weerara koronaavaayirasii to’achuuf hojiin jumlaan talaaluun gaggeessuu taasifamaa jira. Carraa namootni dhukkubsachuu, wal’aansa hospitaala barbaaduu ykn lubbuun isaanii darbuu hir’isuuf, talaalliwwan hedduu mala gara garaan hojjatamaan fayyadaarra oolaa jiru. Talaalliwwaan haaraa lama biroo ammoo yaaliin bal’aan irratti taasifamaa ksn jiru yoo ta'u, akka bu’aa qabeessa ta’an mul’isa. Talaalliin maaf nu barbaachiisa? Vaayirasiin kun erga tatamsa’uu jalqabee waggaan tokko darbeera. Ta’us namoootni harki caalan ammayyuu dhibee kanaaf saaxilamoodha. Dhorkiiwwaan sochii dhorkuu jiruufi jireenyaa keenya daangessan qofaatu tatamsa’a vaayirasicha hir’isaa jira. Talaalliin qaamni keenya vaayirasicha akka ofirraa ittisuu kan barsiisu yoo ta’u, weerara kana keessaa ba’uufis nu gargaara. Talaalliwwaan gurguddoo sadan Talaalliwwan dursoo sadan kanneen Pfizer/BioNTech, Moderna fi Oxford/AstraZeneca jedhaman oomishamaa jiru, biyyoota gara garaattis namoonni talaaliiwwan kunneen fudhachaa jiru. Pfizer fi Moderna lamaan talaallii RNA- kan mala haaraa aritiin qophaa’uu danda’an omiishaniiru. Koodii qaccee sanyii koronaavayirasii xiqqoo gara qama keenyatti yeroo galchamu koroonaavaayirasii omishuun qaamni offirraa akka ittisu taasisa. Kunneen UK, Awurooppaa fi US keessatti fayyadamaaf raggaasifamaniiru. Talaalliin Oksifoord vaayirasii miidhaa uumuu hin dandeenye akka qaccee sanyii kana baataniif waan fayyadamuuf hanga tokko addadha. Talaalliwwan sadan keessa inni kun teemprichara hedduu qorraa fayyadamuurra firiijii keessa kaa’amuu waan danda’uuf isa salphaadha. Talaalliwwan haaraa lamaan dhufaa jiran Yaalii bal’aa talaalliwwaan haaraa lamaan irratti odeeffannoon dhiyeenya dhiyaataniiru.
Hojiin Janssen fi Novavax amma talaalliin kennamuun dura kaneen talaalli raggaasisaniin raggaasifamuu qaba. Talaalliin Janseen mala talaallii Oksifoordi kan fayyadamuu ta’us, dozii lamaan kennamuurra takka qofa kan kennamu ta’a. Firiijii keessa kan kaa’amuu ta’uu isaan dabalata, talaalliin biiliyoona tokko bara kana raabsamuuf qophaa’ees addunyaa irratti bu’aa guddaa uumuu danda’a. Addunyaan hafe maal gochaa jira? Awuroppaa fi US keessatti fayyadamamaa jiraachuu baatanis talaalliwwan bu’aa qabeessa ta’an biroon jiru. Talaalliwwan Sinovac, CanSino fi Sinopharm saayinstistoota Chaayinaatiin kan oomishaman yoo ta’u, biyyootii Eeshiyaafi Ameerikaa Kibbaa keessa jiran waliin waligaltee mallatteesaniiru. Chaayinaa keessatti namootni miiliyoona tokko ta’an, talaallii Sinopharm argachuun isaanii gabaafameera. Talaalliin Sputnik V, Wiirtuu Qorannoo Gamaleyaa Raashiyaan kan omishame yoo ta’u, talaallichi bu’aa qabeessa ta’uu isaafi namootni muurasni argachuu isaanii maxxanfameera. Bu’aa qabeessummaan hunda isaanii wal qixaa? Yeroo weerara kanaatti bu’aa talaalli dhaabbata tokkoo waliin madaaluun ni cima, sababiin isaa yaaliwaan isaanii akkataa gara garaan gaggeeffaman waan ta'eef. Ta’us, talaalliwwan dursoo carraa sababa Covid’n wal’aansa barbaaduukee ykn du’uukee irratti dhiibbaa guddaa kan qaban fakkaata. Ta’us garuu - gaaffiin inni guddaa – tatamsa’ina vaayirasichaa ni dhaabuu kan jedhuuf garuu- deebiin hin argamne. Mala kamtu caalaatti bu’aa qabeessa kan jedhu garuu yaalii addaa kan itti namootni beekaa vaayirasichaan qabamnii gaggeeffamuun adda baafama. Waantonni adda ta’an maali? Gosootni koronaavayirasii haaraan addunyaa irratti biyyootii garagaraatti mul’aachaa jiru. Ta’us garuu, odeeffannoon Janssen fi Novavax kan gosa covid haaraa kana qaban irratti ragaan jiru akeekkachisa kan qabu fakkaata.
Ta’us garuu, odeeffannoon Janssen fi Novavax kan gosa covid haaraa kana qaban irratti ragaan jiru akeekkachisa kan qabu fakkaata. Talaalliwwan lamaan Afrikaa Kibbaa bakka gosti Covid haaraa itti mul’ate keessatti bu’aa qabeessummaan isaanii dhibbaa guddaa hin qabaanne. Bu’aan argame kun gaariifi talaallii homaa jirachuu irraa gaarii ta’us, koronaavayorasiin xiyyeeffannoo qabuuf rakkisaa ta’edha. Gara fulduraatti talaalli fayyadamnu geddaruun barbaachisuu mala. Wanti ammas hojjatamuu qabu maali?
Covid: Itoophiyaan talaallii Covid-19 Ebla dhuftu akka galfattu beeksifte Itoophiyaan ji'a Ebla dhuftuutti talaallii koronaavaayirasii akka alaa galfattu beeksifte. Talaalliin alaa galuuf jiru kun ammoo hawaasa carraa saaxilamuu qaban keessaa yoo xiqqaate dhibba keessaa harka 20 akka gahu Ministeerri Fayyaa Beeksiseera. Talaalliifi wantota talaalliin walqabatanirratti gorsaan ol-aanaa ministira fayyaa Dr. Muluqan Yohaannis, Ministeerri Fayyaa, Ministeerri Muummeefi Waajirri Pirezedaantii waliin qindaa'uudhaan talaallii koronaavaayirasii ittisu biyya alaarraa galchuudhaaf qophiin taasifamaa jira jechuun Dhaabbata Pireesii Itoophiyaatti dubbatan. Akkaataa ulaagaa Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa baaseen kutaaleen hawaasaa talaallicha fudhachuudhaaf dursi kennamuuf, ogeessota fayyaa, namoota umuriin isaanii deeme, rakkoo fayyaa warra qabaniifi filannoo dhufuun walqabatee humnoota eegumsaa itti-gaafatama dachaa qaban ta'uun ibsameera. Haala talaalichaa ilaaluunis namoota baaburaafi atoobusii oofaniif, akkasumas barsiisota manneen barumsaa mootummaa keessa barsiisan akka gahu ni taasifama jedhameera. Itoophiyaan talaallicha kan gara biyyaatti galchitu Waldaa Bittaa Talaallii Idil-addunyaa "COVAX" karaa jedhamuun akka ta'e Dr. Muluqan himaniiru. Marsaan duraa talaallii kanaa ji'a Ebla dhufu kan galuu yoo ta'u hanga dhuma bara 2021tti ammoo talaallichi guutummaan guutuutti akka biyya galu gorsaan ol-aanaan kun eeraniiru. COVAX jaarmiyaa Dhaabbata Fayyaa Addunyaafi dhaabbileen fayyaa biroo waliin ta'uun kan hundeeffame yoo ta'u, biyyoota dinagdeen isaanii gadi aanaafi giddu-galeessa ta'eef talaallii dhiyeessuuf kan kaayyeeffatedha. Biyyoonni Afrikaa sochii jaarmiyaa kanaa fudhataniiru. Kana jechuun Afrikaan karaa jaarmiyaa kanaa hayyama talaallii yoo argatteefi mirkanaa'eef talaallii miliyoona 220 argatti.
Kana jechuun Afrikaan karaa jaarmiyaa kanaa hayyama talaallii yoo argatteefi mirkanaa'eef talaallii miliyoona 220 argatti. Dhuma bara 2021tti COVAX talaallii Covid-19 biliyoona lama bituuf karoorfateera. Afrikaan biyyoota arditiif kan yeroof karaa Gamtaa Afrikaa qoodamuuf doozii miliyoona 270 argateera. Walumaagalatti talaalliin argame bara kana keessa akka hojiirra oolu gaggeessaan Gamtichaa Pirezedaant Siriil Raamaafoozaan waadaa galaniru. Inni kun kan kanaan dura waadaa galame doozii miliyoona 600 irratti dabalata ta'us, ammallee taanaan guutummaan guutuutti arditti talaaluudhaaf gahaa miti. Biyyoota sooreyyii caalaa biyyoota harka-qalleeyyii keessatti talaallii waliin gahuun yeroo dheeraa fudhachuu mala sodaan jedhus jira. Namoonni vaayirasichaan qabamaniifi dhibee kanaan du'an Afrikaa keessatti gadi aanaa ta'ullee, biyyoota tokko tokko keessatti namoonni qabaman deebiyee dabalaa jira.
Afrikaan Kibbaa talaallii Covid kennuuf turte sababii akaakuu haaraatiin dhaabde Afrikaan Kibbaa talaallii AstraZeneca, akaakuu vaayirasii haaraa irratti bu'aa ''nama hin gammachifne'' mul'isuu erga qorannoon argame booda talaallicha kennuu dhaabde. Qorattoonni akaakuun vaayirasii haaraa namoota haaraa biyyii keessatti Covid qabaman keessaa %90 aguuga jedhan. Qorannoon namoonni gara 2,000 ta'an irra hirmaachisuun gaggeefameen, talaalichi dhukkubbi Covid-19 jiddugalaa fi gadaanaaf 'ittisa gadaanaa'' qofaa akka kennu agarsiise. Afriikaan Kibbaa talaallii 'AstraZeneca' doozii miliyoona tokkoo kan fudhate yoo ta'u, silaa torbee dhufaa keessa namoota talaaluu eegaluuf turte. Ministirri Fayyaa Afriikaa Kibbaa gaafa Dilbataa bu'aa qorannichaa ilaalchisee gaazexessitootatti akka himaniitti, motummaan isaanii attamiin akka talaallicha haalaan itti adeemu irratti gorsa eeggataa jira jedhan. Yaalii talaallichaa kunis Yunivarsitii 'Witwatersrand' kan gaggeeffame yoo ta'u, garuu garee qorannoo kaaniin hin xiinxalamne. Ammasittuu, mootummaan torban dhufaa keessaa talaalliiwwan Johnson & Johnson fi Pfizer'n oomishaman ni kenna jedhan. "Akka carraa ta'ee talaalliin 'AstraZeneca' dhukkubbiiwwan Covid salphaafi jidduu galeessaaf hinhojjanne,'' jedhan ibisicha irratti Pirofessar Shaabir Maadhi kan qorannicha hogganaa jiran. Qorannichaan milkaa'inni talaallichi dhukkubbii garmalee cimaa ta'eeratti qabu hinqoratamne jedhan. Kunis sababii namoonni qorannicha keessatti hammaataman jiddugalaan kanneen umuriin waggaa 31 waan ta'aniif, namoota vaayirasichaa yoo qabaman dhukkubbii cimaan mudatu bakka hinbu'an jedhan. Pirofessar Saaraah Gilbart, Oksifordiitti dureen garee talaallicha hojjatanii, ammalleen talaallichi dhukkubbii cimaas ittisuuf ni tajaajila jedhu.
Pirofessar Saaraah Gilbart, Oksifordiitti dureen garee talaallicha hojjatanii, ammalleen talaallichi dhukkubbii cimaas ittisuuf ni tajaajila jedhu. Itti dabaluunis, omishitoonni akaakuu vaayirasii haraa Afriikaa Kibbaa 501.V2 ykn B.1.351 jedhamuun beekamuuf bara kana gara boodaatti tarii talaallii fooyyeessuu qaban jiraachuu malas jetti. Ogeessoonnis yoo barbaachisee talaalliiwwan deebisanii fooyyeeffamuun torbanoota ykn ji'oota keessatti akka akaakuu vaayirasii haaraaf olaaniif taasisuun ni danda'ama jedhu. Yaalii jalqabaa gaggeeffameen talaalliin 'Moderna' akaakuu vaayirasii Afriikaa Kibbaatiif bu'aa milkaa'aa agarsiise jedhame ture. Talaalliin 'AstraZeneca' ammoo akaakuu haaraa jalqaba UK keessatti mul'ateef bu'aa ittisaa gaarii kennee ture. Kana malees, talaalliin 'Pfizer-BioNTech' akkasuma akka akaakuu vaayirasii haaraa irraa ittisu bu'aa jalqabaa mul'isee ture.
Covid: Maanguddoon waggaa 100 Covid ittisuuf paawundii mil. 33 walitti qaban Covid-19n du'an Tibba koronaavaayirasiin jalqabetti kabaja hojjattoota fayyaa Ingliziif qaban mul'isuuf jecha paawundii miliyoona 33 walitti qabuun maqaa olaanaa argatanii kan turan Kaapteen Toom Muur umurii waggaa 100tti Covid-19n kan boqatan. Maanguddoon kunis dhuma torban darbeerra rakkina argansuun walqabatee mudateen Hospitaala Beedford jedhamu galanii turan. Toom Muur sochii mallaqa walitti qabuun tajaajila fayyaa biyyattiin kan ta'e NHS'f paawundii miliyoona 33 deeggaranis Ministira Mummee biyyattiin 'Goota dhugaa'' jedhamanii ture. Intalli isaanii Haanaa Ingiraam Muur abbaan ishee torban darbe keessaa sombasaanii dhukkubsataa akka turaniifi torban kana ammoo koronaavaayirasiin qabamu dubbattee turte. Sababa dhibee biraatiif wallaanamaa turaniif koronaan miidhamus maatiin beeksiisan. Maanguddoon kun sooramaa waraana addunyaa lammaaffaa yoo ta'an, dirree garduubee manasaaniitti argamuutti marsaa 100 imaluun ture maallaqa gargaasa dhaabbata fayyaa biyyattiif arjooman kan walitti qabanii turan. Kanas kan raawwatan osoo guyyaa dhalootasaanii 100 hinguuiin dura ture. Waa'ee boqachuu abbaa isaanii ilaalchisees Haanaa Ingiraam Muuriifi Liisii Tiiyakseeraa akka jedhaniitti ''Waa'ee du'a du'a abbaa keenyaa Kaapiteen Toom Muur yoo himnu gadda olaanaatu nutti dhagahama'' jedhan. Sa'aatii dhumaatti abbaa isaanii waliin ta'usaaniittis kabajni olaanaan kan itti dhagahamu ta'us ibsan ijoolleen isaa kunneen. ''Saa'iiwwan muraasaaf waa'ee ijoolluummaa keenyaa, waa'ee haadha keenya jaalatamtu turtee fa'i isa waliin haasa'aa turre. Sa'aatii dheeraaf kofallee, boonyees turre.
Sa'aatii dheeraaf kofallee, boonyees turre. Bara darbees abbaan keenyeen yaadee kan hinbeeknetu fiixaan baheefii ture'' jedhan. Itti dabaluunis ''Yeroo gabaabaaf ta'ulleen abbaan keenya waan hindagatamne sammuu namoota baayyee keessa kaa'eera. Nuuf ammoo abbaa fi akaakkayyuu ajaa'ibaa ture. Yeroo hundumaa sammuu keenya keessa jiraata'' jechuun gaddasaanii himan ijoolleensaa kunneen. Tajaajlli fayyaa biyyaalessaas kunuunsa abbaa isaaniitiif taasisan illeen dinqisiifataniiru.
Koronaavaayiras: Akaakuun vaayirasii haaraa 'addunyaa mara waliin gahuu' mala jedhame Akaakuun vaayirasii koronaa jalqaa Keentii keessatti argame addunyaarratti isa cimaa ta'uu mala jedhan hooggantuun Sagantaa Qorannoo amala qaccee sanyii UK. Pirofesar Shaaroon Piikook BBCtti akka himteetti, akaakuun vaayirasii haaraa kun 'biyya keessa tatamsa'aa jira' jira, akkasmuallee 'guutummaa addunyaarratti tattamsa'uuf' jira,' jedhan. Hojiin hordoffii akaakuu vaayirasichaa sirritti adda baasuun ramaduu yoo xinnaate waggoota 10 barbaada jedhan. Akaakuun koronaavaayirasii Keentii keessatti argamae kunis ammaa biyyoota 50 keessatti mul'ateera. Yeroo jalqabaatiif Fulbaana 2020 keessaa kibba-baha Ingilaand keessatti kan argame yoo ta'u, baatiiwwan itti aanan keessatti hariitiin waan tatamsa'aa tureef jecha Amajjii darbee seerri hugguraa marsaa lammaffaan guutuu UKtti labsame. Daarektarri Gamtaa 'Covid-19 Genomics UK', Pirof. Piikoo akkka jedhaniitti, ''ammaatti kan nu miidhaa jira daddarbuu isaatti.'' Tokkicha waa'ee vaayirasicha kan dhukkubbiif sababii ta'uu kana yoo sirriin baratame garuu waa'ee isaa yaadda'uu dhaabuu dandeenya jedhan oggeettiin kun. ''Haata'u malee, waanan kan bara kanaarraa hubadheen, waggoota 10 dhufaniif kanumarra hojjachuu qabna akka ilaalcha kiyyaatti,'' jedhan. Talaalliiwwan amma jiran kan omishaman akaakuu vaayirasii dura tureetiin, garuu ammoo qorattoonni sirriin ta'uu baatulleen talaalliiwwan kunneen akaakuu vaayirasii haaraa kanaafis ni hojjata amantaa jedhu qabu. Pirof. Pikook akka jedhaniitti, talaalliiwwan akka hojiirra oolaniif UK keessatti mirkanaa'an, biyyattii keessatti akaakuu vaayirasii haaraa irratti sirriin hojjetaa jiru. Gamtaa 'Covid-19 Genomics UK' kunis neetworkii qaama fayyaa hawaasaafi laaboraatorii yoo ta'u, wayita ammaattis guyyaatti bu'aawwan qorannoo +ve ta'an kuma 30 qorata.
Gamtaa 'Covid-19 Genomics UK' kunis neetworkii qaama fayyaa hawaasaafi laaboraatorii yoo ta'u, wayita ammaattis guyyaatti bu'aawwan qorannoo +ve ta'an kuma 30 qorata. Bu'aan qorannoo kunis tibba Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa akaakuu koronaavaayirasii haaraa wallaanuuf biyyoonni talaallii Oksiford/AstraZeneca akka fayyadamaniif yaada kenneetti. Haata'u malee, talaalliin Oksford milkaa'ina inni akaakuu haaraa irratti qaburratti qeequmsi irratti ka'aa jira. Daataa yaalii jalqabaa Afriikaa Kibbaatiitti gaggeefameen, milkaa'inni qorichi kun dargaggoota akaakkuu vaayirasii haaraa kanaan qabamuun dhukkubbii gadaanaafi jidduugalaa irriatti agarsiisee ''ittisa gadaanaadha'' jedhameera. Haata'u malee, Dhaabbata Fayyaa Addunyaatti Daareektarri Talaallii Dr Kaatiriin O'Brien qorannoon Afriikaa Kibbaa kan ''murtoorra hingahamneedha' jechuun, talaalliichi ammalleen akka dhibbee cimaa ittisuu danda'u ''amanamas'' jedhan. Qorattoonni Oksfoord ammallee talaalliin isaanii namoota dhukkubbii cimaa Covid-19 fi wallaansa hospitaalaa barbaadan fayyisuu akka eegu. Haaluma walfakkaatuun, MM Ingilizii Booriis Joonsan torban kana namoonni miliyoona lamaa talaalii Covid fudhachu qaban akka dhaqanii fudhataniif waamicha taasisan. Motummaan UK hanga Guraandhala 15tti talaallii marsaa tokkooffaatiin qofa namoota miliyoona 15 kanneen umuriin isaanii waggaa 70 fi olii, hojjattoota fayyaa fi namoota saaxilamoo ta'aniif kennuuf karoorfatee hojjataa jira. Hanga Kibxata darbeettis namoonni miliyoona 13,058,298 talaallii marsaa tokkooffaa fudhachunsaanii barameera.
'Akaakuun Covid haaraan talaallii dandamachuu mala' -yaaddoo saayintistoota Afriikaa Kibbaa Biyyoota Afriikaa keessaa weerara koronaavaayirasiin daran kan dararamaa jirtu Afriikaan Kibbaa, akaakuu vaayirasichaa haaraa qabaachuudhaanis akkasuma yaaddoo keessa jirti. Saayintistoonni biyyattii inumaa akaakuun vaayirasii haaraan kun talaallii yeroo ammaa hojiirra oolaa jiru kan dandamatuu fi dandeettii ittisa talaallichaa kan dadhabsiisuudha jechuun yaaddoo qaban ibsu. Yaaddoonsaaniis lafaa ka'ee akka hin taanee fi sababa ga'aa akka qaban ibsan. Talaalliin koronaavaayirasii UK fi biyyoota addunyaa kanneen biroo keesatti kennamuu akkuma eegalee jiru dhimmoota akkanaaf xiyyeeffannaa kennuun akkaan barbaachisa jedhu saayintistoonni kunneen. Wantoonni xiyyeeffannoo barbaadan akkanaa ilaalcha keessa hin galfaman taanaan talaallichi bu'a qabeessa ta'ee itti fufuunsaa yaaddodha jedhan. ''Kun yaaddoo yaada qorannoo(tiyoorii) ti. Yaaddoo sababa qabuudha. Akaakuun vaayirasichaa Afriikaa Kibbaa jiru talaallicha daran akka dandamatuudha.'' jedhan, hojii talaallii Oksifoordi-AstraZeneca kan Afriikaa Kibbaa kan dursan Pirofeesar Shabir Madhi. Pirofeesar Madhi hojii fi adeemsa mootummaa fi saayinstistoota UK irratti yaada kennaa turan. Saayintistoota biratti yaaddoo guddaa kan uume sababi ijoon akaakuun vaayirasichaa akkaataa UK keessatti faca'aa jiru Afriikaa Kibbaa keessatti tatamsa'aa jiraachuusaati. Akaakuun vaayirasii kun bifa haaraan ka'ee weerarri biraa yoo eegale ammoo dandeettii vaayirasicha ofirraa ittisuu dhalli namaa horatee ture laaffisuun keessa seenuu danda'a jedhu Pirofeesar Madhi. Talaalliin qaamni namaa akka madinummaa horatu barsiisa-kunimmoo dandeettii qaami keenya vaayirasicha ofirraa loluuf qabu dabalata. Pirofeesar Madhi akka jedhanitti akaakuun koronaavaayirasii haaraan Afriikaa Kibbaa keessa faca'ee jiru talaallii vaayirasichaa guutummaatti hojii dhabsiisa osoo hin taane ni dadhabsiisa.
Pirofeesar Madhi akka jedhanitti akaakuun koronaavaayirasii haaraan Afriikaa Kibbaa keessa faca'ee jiru talaallii vaayirasichaa guutummaatti hojii dhabsiisa osoo hin taane ni dadhabsiisa. Bu'aa talaalliin kun fiduu danda'urratti dhiibbaa uuma jedhan. Afrrikaa Kibbaa Yuuniversitii Wits keessatti Ogeessa talaallii kan ta'an Pirofeesar Helen Rees, ''akka carraa ta'ee akaakuun vaayirasii haaraa kun yoo talaallii fooyya'aa isaaf ta'u kan barbaadu ta'e, talaalliiwwan karaarra jiran bifa kanaan fooyya'anii ba'uu danda'u'' jedhan. Afriikaan Kibbaa, akaakuun vaayirasii haaraan biyyashee keessatti mul'ate kan UK caalaa saffisaan tatamsa'a jechuun yaada mootummaa UK irraa dhiyaate kuffisteetti.
Koronaavaayiras: Indiyaan talaallii Covid 'torban lama keessatti' alatti erguuf Indiyaan talaalliiwwan Koronaavaayirasii dhiyeenya kana biyyashee keessatti qopheessite yeroo torban lama hin caalle keessatti biyya alaatti erguu akka jalqabdu aanga'aan ministeera dhimma alaa biyyattii BBCtti himan. Aanga'aan BBCtti dubbatan kun gabaasni fedhii talaallii biyya keessaa guutuudhaaf jecha Indiyaan kan biyya ofiitti omishtu alatti hin ergitu jedhu waakkataniiru. Indiyaan talaalliiwwan addunyaarratti hojjetaman keessaa %60 qopheessuun kan beekamtu yoo ta'u, biyyoonni baayyeen galfachuu jalqabuudhaaf hawwii guddaadhaan eegaa jiru. Biyyattiin talaalliiwwan Covid lama yeroo atattamaaf hojiirra akka oolan kan mirkaneessite yoo ta'u, baatii Amajjii kanarraa kaastee kennuu jalqabuuf qophiitti jirti. Indiyaan sagantaawwan talaallii gita addunyaatti guddicha jedhamu kennuuf karoorfataas jirti. Haaluma kanaan hanga baatii Adoolessaatti namoota miliyoona 300 talaaluuf jirti. Biyyattiitti qaamni qoricha to'atu talaalliiwwan lamaaf hayyama kenneera - tokko kan AstiraaZaanekaatiin Yunvarsiitii Oksifoord waliin ta'uun qophaa'e (Covishield) jedhamuufi dhaabbata biyya keessaa Bharat Biotech tiin hojjetamu(Covaxin) jedhamudha. Aanga'aan ministeera dhimma alaa kun akka mirkaneessanitti Indiyaan karoora biyyattiin biyyoota biroo gargaaruuf qabdu karaa siriirra jira. "Torban lamaan dhufan keessatti talaalliiwwan biyyoota ollaa keenyaa Kibba Eeshiyaatti argamanitti ergina. Talaalliiwwan ergaman kunneenis gariin baasii mootummaan baasuun bitamanii akka kennaatti yoo kennaman, kaan ammoo gatiidhuma biyya keessaa mootummaan bituun biyyootaaf dhiyaata," jedhan aanga'aan kun. "Indiyaan addunyaarratti gabaa talaalliitiin guddittii waan taateef itti gaafatamummaa ollootasheefi guutummaa addunyaaf qabdu haalaan hubatti."
"Indiyaan addunyaarratti gabaa talaalliitiin guddittii waan taateef itti gaafatamummaa ollootasheefi guutummaa addunyaaf qabdu haalaan hubatti." Barreessaan Dhimma Fayyaa Federaalaa Indiyaa Raajesh Bhushan biyyattiin walakkaa baatii kanaarraa kaastee talaallii Covid rabsuuf karoorfatteetti. "Guyyaa akka yeroo atattamaaf hojiirra akka ooluuf hayyamame (Amajji 3) irraa kaasee, talaalliin rabsamuu jalqabeera," jechuun Delhii keessatti rippoorterootaaf ibsan. Kibxata darbe dhaabbileen talaallii qopheessan lamaan akka ibsa walii kennanitti, lamaan isaanii "talaallii Covid-19 keenya addunyaan akka argatuuf" ni dhiyeessina jedhan.
Koronaavaayiras: Balaan gosa Koronaavaayirasii haaraa saayintistoota dhiphisaa jiruu maali? Akaakuun koronaavaayirasii haaraan Afriikaa Kibbaatti argame darbee biyyoota biroo kanneen akka UK keessattis babal'ateera. Balaa vaayirasii haaraa kanaan dhufu baruuf saayintistoonni akkaan dhiphataniiru. Vaayirasii dhibee Covid-19 fidu dabalatee gosoonni koronaavaayirasii hunduu maatii tokkorraa baayyataa dhufan. Qacceen sanyii koronaavaayirasii kun weerarri erga dhalatee booda yeroo mara baayyata. Vaayirasichi bifa weeraraan erga faca'ee booda bifa jijjiirratee, haaraa ta'ee marroo biraan weerara eegaluun amaluma isaati. Vaayirasiin kun amalasaa keessatti wayita akaakuu haaraa uummatu, kaan kan duraa caalaa dhala namaa hubu, kaan ammoo jireenyuma vaayirasichaa mataasaa kan balleessuudha. Yeroo ammaa akaakuun vaayirasichaa kumaan lakkaa'aman jiru, eksipertoonni garuu muraasa isaaniirratti xiyyeeffachuun qorachuu itti fufaniiru. Isaan keessaa tokko akaakuu vaayirasichaa Afriikaa Kibbaa jiru, 501.V2 kan jedhamuudha. Akaakuun vaayirasii inni Afriikaa Kibbaa seelii walhoru kan E484K jedhamu of keessaa qaba. Kan tibbana UK keessatti argamee saayitistootaan qoratamaa jiruun adda addummaa qaba. Lameenuu akkaan kan tatamsa'aniidha, daafoo kanaan uggurri hamaan hawaasarra kaa'amuu waan danda'uuf kunis rakkoo hamaa kan biraadha. Akaakuun koronaavayirasii haaraan inni UK, 'Kent' keessatti argame bu'a qabeessummaa talaalliiwwan yeroo ammaa haaraa argaman irratti dhiibbaa uumu hin qabu, kan Afriikaa Kibbaa garuu ni sodaachisa jedhu saayintistoonni. Haata'u malee vaayirasii haaraan kun talaallicha hojiin ala godha jedhanii dubbachuuf yeroon ganaadha, qorannoon haalaan barbaachisa. Saayintistoonni akaakuu vaayirasichaa haaraa Afriikaa Kibbaa kan maqaa N501Y jedhamuun beekamu irratti talaallii Pfizer yaalaniiru, saamuuda dhiiga namoota 20 fudhachuun.
Akkaataa yaalii taasifame kanaan talaallichi vaayirasii haaraa kanarratti hojjeteera. Garuu ammallee qorannoo hedduutu barbaachisa, sababiin isaa akaakuu haaraan Afriikaa Kibbaa keessa jiru kana qofa miti waan ta'eef. Dr Simon Clarke Yuuniversitii Riidiing keessatti ogeessa seelii maayikiroobaayooloojiiti. ''Akaakuun koronaavaayirasii haaraan Afriikaa Kibbaa kan duraarraan waa baayyeen adda. Pirotiiniin vaayirasicha keessatti argamu guddaadha. Kun baayyee nu yaaddessa'' jedhan. Pirotiiniin koronaavaayirasii qaama namaa keessa saffisaan akka seenuuf isa fayyada. Talaaliin vaayirasichaas pirotiinii kanarratti hundaa'uun hojjetama, gama kanaan vaayirasii haaraan kun yaaddoo guddaadha. Pirotiiniin vaayirasii haaraa kun guddaa yoo ta'e talaallii haaraan kun akka gara dhiiga namaa seenee hojiisaa akka hin hojjenne danqaa waan ta'uuf humna talaallichaa laaffisuu danda'a jechuudha. Yuuniversitiii Kolleejjii Landanitti dhimma Covid irratti kan hojjetan Pirofeesar Francois Balloux, "Akaakuun vaayirasichaa UK keessatti argame kan maqaa E484 jedhamuun beekamu, qaamni namaa haleellaa qaama halagaarraa dhufu hubatee akka ofirraa hin qolanne godha. Kunimmoo vaayirasiin yeroo ammaa addunyaa weeraree jiru, SARS-CoV-2 jedhamu akka madinummaa qaamaa mo'atuu fi talaalliis akka dadhabsiisu godha'' jedhan. Akaakuun vaayirasii haaraan kun kan duraan ture caalaa balaafamaa ta'uusaa ragaan mul'isu hin jiru. Vaayirasicha daran akka saffisaan tatamsa'u ogeeyyiin yaada kennu, garuu maloonni ittisaa kanneen akka harka dhiqachuu, walirraa hiiquu fi golgaa afaanii fi funyaanii(maaskii) uffachuu kanaafis ni gorfama. Vaayirasiin kun yeroo ammaa Afriikaa Kibbaa keessatti, Bahaa fi Lixa Bulchiinsa Keep dhuunfateera. Biyyoota akka Awutiraaliyaa, Noorway fi Jappaan keessattis mul'ateera.
Biyyoota akka Awutiraaliyaa, Noorway fi Jappaan keessattis mul'ateera. UK keessatti namoonni lama akaakuu vaayirasichaa kan Afriikaa Kibbaan qabamuun mirkanaa'eera. Namoonni qabaman lameenuu, namoota tibbana Afriikaa Kibbaarraa imalan waliin hariiroo kan qabaniidha. UK'n balalii xiyyaaraa Afriikaa Kibbaarraa gara biyyasheetti kallattiin taasifamu dhorkiteetti, kan gara Afriikaa Kibbaatti imalu ammoo dhaabdeetti. Namooni dhiyeenya Afriikaa Kibbaarraa imalan yookiin ammoo kanneen imalan waliin tuttuqqaanqabaatan akka adda of-baasan itti himameera. Jaarmiyaan Fayyaa Hawaasaa fi saayintistoonni biyyattii waliin ta'uun waa'ee akaakuu vaayirasii haaraa kana qorataa jiru.
Covid-19: Pirezidantiin Afrikaa Kibbaa Kibbaa Raamaapoosaan uggura haaraa labsan Pirezidantiin Afrikaa Kibbaa Siiril Raamaaposaa boromtaa namoonni biyyattiitti vaayirasichaan qabaman miliyoonaan ol darbeetti uggura Covid-19 cimaa labsan. Haaluma kanaanis manaafi manaan alatti walitti qabamuun kan dhorkame yoo ta'u, galgala sa'aatii sadii hanga barii 12'tti socho'uun akkasumas gurgurtaan dhugaatii alkoolii kanneen dhorkaman keessaayi. Raamaaposaan akka jedhaniitti sababii biyyattiin balaa weerarichaan sadarkaa baay'ee yaachisaarratti waan argamtuuf tarkaanfiin kun fudhatame. Dhiheenya kanas aanga'oonni akaakuu vaayirasii baayyee tatamsa'u biyyattii keessatti mudachu beeksiisanii ture. Hospitaaloonnifi jiddugalli wal'aansaa tokko tokkos baayyinni namoota ciisanii wallaanamanii garmalee dabaluusaa himan. Pirezidantiin Afrikaa Kibbaa Raamaaposaan haasaa karaa TVn taasisaniin, amma akaakuun vaayirasii 501.V2 biyyattii keessa galuun sirriitti mirkanaa'eera, baay'inni namoota dhiheenya vaayirasichaan qabamanii 'akeekkachiisa olaanaadha,' jedhan. Itti dabaluunis, uggurri haaraan kaa'amees walakkaa halkan Wiixataa irraa kaasee yoo xinnaate hanga Amajjii 15'tti kan turu ta'a jedhan. Yoo awwaalchaaf ta'een alatti galgala sa'aatii sadii hanga barii 12'tti hayyama malee eenyumtuu manaa bahu hindanda'u jedhan. Akkasumas, suuqiiwwan, manneen dhugaatii fi bakkeewwan biraas sa'aatii lamatti cufamu jedhame. Gurgurtaan dhugaatii alkoolii hundi kan dhorkame yoo ta'u namoonni bakkeewwan ummanni argamutti maaskii hinkaawwannees adabbii ykn hidhaatu eeggata jedhan. Afriikaa Kibbaatti erga vaayirasichi mudateen as guyyaa Dilbata darbee namoonni miliyoona tokkoo oli vaayirasichaan qabamuun, Afriikaa keessaa kan jalqabaa taate.
Afriikaa Kibbaatti erga vaayirasichi mudateen as guyyaa Dilbata darbee namoonni miliyoona tokkoo oli vaayirasichaan qabamuun, Afriikaa keessaa kan jalqabaa taate. Walumaagalattis namoonni 1,004,413 yoo qabaman 26,735 du'aniiru. Torban darbee keessaa namoonni 11,700 haaraa vaayirasichaan kan qabaman yoo ta'u kunis kan torban duraarra %39 caala jedhame. Akkasumas, Roobii hanga Jimaatatti namoonni guyyaatti vaayirasichaan qabaman 14,000 ol gahuutu himame. Akaakuun vaayirasii haalaa kanaaf sababa ta'uu akka hinoolle shakkama.
Waa'ee akaakuu koroonaavaayirasii haaraa maal beekna? Tatamsa’inni saffisaa koroonaavaayiras haaraan UK’tti mudate Ingilaandi, Iskootilaandi, fi Weelsiitti tibba ayyaana Qillee dhorkaan cimaan akka kaa’amu taasisuurra darbee biyyoonni biroos UK irratti dhorkaa imalaa akka baasaniif sababa ta’eera. Ji’oota muraasa dura akaakuun koronaavaayirasii duraan hin turre kun akkamiin kutaalee Ingilaandi keessatti tatamsa’e? Gorsitoonni mootummaa vaayirasichi kuuwwan caalaa akka tatamsa’u amantii qabu. 'Akaakuun Koronaavaayirasii haaraan' Ingiliiz keessatti argame Biyyoonni Awurooppaa gosa Covid haaraa UK’tti argameef jecha imala dhorkan WHO'n akaakuu koronaavaayirasii haaraa hordofaa jiraachuu ibse Hojiin reefuu eegalame, waan fuulduratti ta’u beekuunis rakkisaa dha, gaaffileen hin deebine hedduunis jiru. Maaliif yaaddoo ta’e? Wantoonni sadii gaditti eeraman vaayirasichi beekamtii argachaa jiraachuu mul’isu: · Gosoota vaayirasichaa warra kan saffisa cimaan bakka bu’aa jira · Jijjiiramni agarsiisu vaayirasichi akka irratti xiyyeeffatamu godheera · Jijjiiramoota sunneen keessaa muraasni seeliiwwan caalaatti akka miidhan laaboraatoorii keessatti mirkanaa’eera Dhimmoota kunneen walitti yoo fidnu vaayirasichi salphaatti akka tatamsa’u agarsiisu danda’u. Haata’u malee wanti sirriitti beekame hin jiru. Saffisa hagamiin tatamsa’aa jira? Jalqaba kan mul’ate Fulbaana keessa ture. Sadaasa keessa garuu namoota Landanitti vaayirasichaan qabaman keessaa harki 1/4ffaa vaayirasii haaraa kanaan kan hubaman ta’ani. Walakkaa Mudde keessas gara harka 2/3ffaatti ol siqe. Vaayirasiin amala jijjiirratee dhufe kun saffisa bu’aawwan laaboraatooriiwwan qorannoo keessaa ba’an irratti dhiibbaa hagamii akka fide arguun nidanda’ama.
Hagam tatamsa’ee jira? Vaayirasiin amala jijjiirrate kun dhukkubsataa UK keessa ture yookaan biyya jijjiirama amalaa koroonaavaayiras to’achuu hin dandeenye keessaa akka dhufetti yaadama. Ayerlaandirraa kan hafe UK guutuutti jiraachuu mala. Baay’inaan kan argamu garuu Landan, Kibba Bahaa fi Baha UK’tti. Baay’inni namoota vaayirasichaan qabamanii kutaalee biyyattii biroo keessatti dabalaa hin jiru. Odeeffannoon koodii qaccee sanyii vaayirasii haaraa kanaa hordofuun argame akka mul’isutti, Deenmaarki fi Oostiriyaatti kan mul’ate UK irraa akka dhufe agarsiisa. Neezarlaandisis vaayirasichaan namoonni qabaman jiraachuu beeksiftee jirti. Kana dura kun ta’ee beekaa? Eeyyee. Vaayirasiin duratti Wuhaan Chaayinaatti argame, kan kutaalee addunyaa hedduutti argamaniin wal hin fakkaatu. Vaayirasii amala jijjiirratee Awurooppaa ga’etu addunyaatti tatamsa’e. Vaayirasiin biraan A222V jedhamu ammoo Ispeenitti namoonni boqonnaa birraatiif wayita ba’anitti dhalatee kan Awurooppaatti tamsa’edha. Eessaa dhufe? Dhibeen haaraan kun haala hin baramneen jijijjiirama. Ibsi ammaaf kennamuu danda’u vaayirasiin haaraan kun nama dandeettii dhukkuba ittisuu laafaa qabufi vaayirasicha qolachuu dadhaberraa akka ka’edha. Inumayyuu qaamni isaanii bakka wal-hormaataa vaayirasichaa ta’anii ta’uu mala. Dhibeen kun daran hamaadhaa? Amma yoonaatti ragaan kana mirkaneessu hin jiru, haata’u malee hordofamuu qaba. Ta’uu baannaan tatamsa’inni olaanaan mataasaatti hoospitaalotaaf mataa bowwuu ta’uu mala. Dhibee haaraa kanaan namoonni hedduun saffisaan qabaman jechuun wal’aansa hoospitaalatti barbaadu echuudha. Talaalliiwwan vaayirasii kana yaaluu danda’uu? Eeyyee, yoo xiqqaate ammaaf.
Eeyyee, yoo xiqqaate ammaaf. Talaalliiwwan sadan haga ammaatti hojjataman vaayirasii haaraa kanarratti hundaa’uun waan ta’eef gaaffiin kun kan ka’u. Talaalliiwwan qaama vaayirasichaa hedduu akka haleelaniif kan shaakalan yoo ta’u, vaayirasichi haga ta’e bifa jijjiirratullee talaalliin ni hojjata. "Garuu daran bifa akka jijjiirratu hayyamnaaf taanaan, yeroos yaadda’uu eegalla," jedhu Piroofeesar Guptaan. "Vaayirasichi talaalliiwwan jelaa miliquuf karaarra jira, ammumayyuu gara sanatti deemee jira." Jedhu piroofeesarichi. Talaallii jalaa miliquu jechuun vaayirasichi dhiibbaa talaallii Sanaa dandamachuun namoota miidhuu yoo itti fufudha. Kanatu amala vaayirasichi agarsiisaa jiru ilaaluun akka yaaddessu taasisaa ira. Vaayirasiin haaraan kun hagam koroonaavaayirasiin nuwaliin madaqee guyyaadhaa guyyaatti hedduu keenya hubaa akka deemu kan agarsiisudha.
Koronaavaayirasii: Talaalliin 'AtsraZeneca' UK keessatti akka kennamu eeyyama argate Talaalliin Oksifardiin qophaa’u 'AstraZeneca' Wiixata dhufturraa qabee UK keessatti akka kennamu eeyyamame. UK’n doozii miiliyoona 100 namoota miiliyoona 50 talaaluuf gahu ajajjee jirti. Kuni talaallii Pfizer-BioNTech waliin uummanni biyyattii marti akka talaallii argatu taasisa jechuu dha jedhan ministirri fayyaa biyyattii Maat Haankook. Ingilaand keessatti namoonni miiliyoonaan lakkaa'aman uggura marsaa arfaffaa keessa jiru. Kibxata darbe namootni 53,135 haaraan UK keessatti Covid’n qabamaniiru. Lakkoofsi kun erga jumlaadhaan qorannoon jalqabee as isa guddaa dha. Guyyaa 28 keessatti immoo namootni 414 lubbuu dhabaniiru. Dr Juun Reen hogganaa Ejansii To’annoo Fayyaa fi Qorichaa(MHRA) yoo tahan talaallichi lubbuu namoota kumaatamaa ni baraara jedhu. Bu’aa qabeessaa fi balaa biraa kan hin qabne tahuu mirkaneessuufis ‘’karaa salphaa miti kan adeemame’ jedhaniiru. Ministirri mummee UK Booriis Joonsan haala talaalliin kun irra jiru ‘’injifannoo’’ jedhan. ’’Kana booda egaa hanga danda’ame namoota baay'ee saffisaan qaqqabuu qabnas,’’ jedhaniiru. Hogganaan fayyaa Inglaand Kiriis Wiitii ‘’tattaaffii waloo kanaan nu gahe nan dinqisiifadha’ jedhan. Wiirtuuleen talaallii torbee dhufurraa kaasee talaallii 'Oxford-AstraZeneca' akka argataniin dhukkubsattoota waamuu jalqabu. Talaalliin kun kuusuufi raabsuuf waan salphatuuf murteessaadha jedhameera. Tempireechara firiijii idilee keessa kaa’amuu ni danda’a. Pfizer-BioNTech’n garuu digrii seelsiyasii -70 keessa kaa’amu qaba. Kana malees UK keessatti waan qophaa’eef dhiyeessii irratti rakkoon mudata jedhamee hin amanamu, Pfizer-BioNTech Beeljiyeem irraati geejibamaa ture.
Kana malees UK keessatti waan qophaa’eef dhiyeessii irratti rakkoon mudata jedhamee hin amanamu, Pfizer-BioNTech Beeljiyeem irraati geejibamaa ture. Talaalliiwwan eeyyama argatan lamaan kanaan namooti miiliyoona lama tahan torbee tokkotti ni talaalamu abdiin jedhu jira. Dursaan Waldaa Fayyaa Biriitiish Dr Richaard Vaawutreey dhiyeessi gahaan jiraannaan ‘’namoota hanga kanaaf talaallii keennuun ni danda’ama’’ jedhaniiru. Haankook kuni gama vaayirasicha ittisuun ‘’battala murteessaa dha,’’ jedhan. Barri 2021 illee bara bayyanachuu fi abdii ni taha sababiinsaa immoo karaa weerara kana keessaa baanu argaa jirra jedhan. Hanga yoonaa namootni 600,000 tahan talaallii Pfizer-BioNTech argataniiru. Talaallii jalqabaa manguddoo Maargaareet Keenaan jedhamantu fudhate.
Kanneen keessaa Ministirri Muummee Itoophiyaa Abiy Ahimad ni argamu.
Jimaata darbemmoo namoota 9,489'tu qabaman, 174 ammoo du'an.
Koronaavaayiras: Biraazilitti namni qorannoo talaallii Covid-19tti hirmaatu tokko du'us yaaliin gaggeeffamu itti fufeera Talaalliin Covid-19 dhaabbanni AstiraaZenekaa jedhamuufi Yunvarsiitiin Oksifoord waliin ta'uun gaggeessaa jiran namni yaaliicha keessatti hirmaataa jiru tokko du'e jedhamus qorannoon talaallii kun yaaddoo nageenyaa tokkollee akka hin qabne ibsame. Namni fedha isaatiin qorannoo talaallii keessatti osoo hirmaataa jiruu du'e kun Biraazilitti. Aanga'oonni fayyaa Biraazil odeeffannoo nama kanaa kamiyyu kennuurraa of qusataniiru. Gareen Yunvarsiitii Oksifoord hojii kana gaggeessaa jiru gama isaatiin, dhimmicharratti of eegannoo cimaadhaan qorannoo akka gaggeessuufi talaallichi garuu rakkoo nageenyaa tokkollee akka hin qabne beeksiseera. Akka odeeffannoo BBCn argatetti ammoo namichi fedhiin yaalii talaallii argachuuf taasifamu keessatti fedhiin hirmaataa ture kun talaallicha hin fudhanne. Namoota fedhiin talaallii Yunvarsiitiin Oksifoord qorachaa jiru keessatti hirmaatan keessaa walakkaa qofaaf kan isa yaaliirra jiru kan fudhatan. Gareen lamaffaa talaallii boquu gogsaa/manjalloo (meningitis) mirkanaa'aatu kennameef. Namoonni qorannoo talaallii kana keessatti fedhiin hirmaatan mataan isaanii talaallii isa kan koronaavaayirasii yaa ta'u, isa kan boquu gogsaa waan isaaniif kenname wanti beekan hin jiru. Kun ammo kan taasifamu fedhii isaaniitiin jedhameera. AstiraaZenekaan gama isaatiin adeemsa yaalii tokkoo tokkoo namootaa irratti yaada kan hin kennineefi yeroo talaaliin taasifamutti garuu of-eegannoon barbaachisoofi tarkaanfiiwwan nageenya fudhatamuu isaanii beeksiseera. "Haalonni fayyaa murteessoo ta'an hunduu of eeggannootiin qoratamaniiru; ilaalcha keessas galananiiru. Yaalii isaas ta'e adeemsi qorannoo isaas wanti yaaddessaa ta'e kamiyyu irratti hin argamne.
Yaalii isaas ta'e adeemsi qorannoo isaas wanti yaaddessaa ta'e kamiyyu irratti hin argamne. Aanga'oonni isaan ilaallatus adeemsicha akka hordofan taasifneerra," jedhan. Yeroo ammaa yaaliiwwan talaallii gaggeeffamaa jiran abdataman keesaa inni kun kan adda durummaan eeramu yoo ta'u, yeroo dhiyoottis gabaaf akka dhiyaatu ni eegama. Qorannoon talaallii kun hanga ammaatti sadarkaa yaalii tokkoffaafi sadarkaa yaalii lamaffaa milkaa'inaan kan xumurame yoo ta'u, yaalii sadarkaa sadaffaa xumuruudhaaf ammoo UK, Biraaziliifi Indiyaa keessatti namoota fedhii qaban irratti gaggeessaa jira. Ji'a darbe UK keessatti gaggeeffamaa kan ture miidhaa maddee qabaachuu danda'a jechuun addaan cite kan ture yoo ta'u, guyyoota muraasaan booda garuu yaalii sana gaggeessuudhaaf yaaddoon tokkollee akka hin jiraanne ibsamuu isaatiin akka irra deebiyamee jalkqabamu taasifameera. Abbaan Taayitaa Biraazil namni fedhiin yaalii talaallii keessatti hirmaataa ture lubbuun isaa darbuu dheengadda dhaga'uu beeksiseera. Sabaa himaaleen Biraazil akka gabaasanitti namni lubbuun isaa darbe kun ogeessa fayyaa umuriin isaa waggaa 28 ta'eefi Covid-19n walqabatee akka ta'edha. Talaalliin kun hayyama guutuu kan argatu yoo ta'e Biraazil bilqaaxiiwwan miliyoona hedduu bitachuudhaaf murteessiteetti. Biyyattii keessatti hanga ammaatti namoonni miliyoona 5.3 vaayirasichaan kan qabaman yoo ta'u, Ameerikaafi Indiyaatti aansuun addunyaa irratti sadafarratti argamti. Lakkoofsi namoota sababa dhibee kanaan biyyattii keessatti lubbuun darbe ammoo kuma 155 qaqqabuun isaa mirkanaa'eera.
Mootummaan biyyattii tatamsa'inni vaayirasichaa hir'achaa dufuu erga hubatee booda uggura ji'a tokkoo oliif ture kaleessarraa eegalee salphiseera.
Dhalataan Ertiraa qulqulleessummaan qacaramee hojjechaa ture paarlaamaa Niw Ziilaandiif filatame Dhalataan Ertiraa baqataa tahuun biyyattii seenee, boodarras hojii qulqulleessummaan qacaramee hojjechaa ture paarlaamaa Niw Zilaandisiif filatame. Ibiraahim Omar miseensa paarlaamaa Niw Ziilaand tahuun maqaan isaa tarree miseensota paarlaamaa paartii Dafqaan Bultootaa [Labour Party] 42ffaa irratti argama. Kun dhalataa Afrikaa jalqabaa paarlaamaa byyattiif filatame isa taasisa. Paartichi waggaa 50 keessatti injifannoo isa guddaa galmeessise. Paartiin MM biyyattii Jesindaa Ardeerni, taa'umsa paarlaamaa gahaa tahe Ibiraahim Omar hammate injifateera. Yeroo duula filannoo gaggeessaa ture Ibiraahim ''uummata miidhamaa sadarkaa ofii isaa duraan ture irra jiraniif falmuu akka barbaadu'' dubbatee ture. Bara 2003 keessa bakka dhaloota isaa Ertiraa irraa baqachuun kaampii baqattootaa biyya ollaa Sudaan gale. Sana booda deebisanii qubachiisuu argateen Niw Ziilaand gale. Achittis hojii qulqulleessummaan Yuunvarsiitii Viktooriyaa keessa hojjechaa ture. Achuma osoo warra qulqulleessan to'atuu barnoota barate. Booda osooma achi keessa jiruu siyaasa keessatti hirmaachuu jalqabe. Ibiraahim injifannoon isaa ''hojjettoota kaffaltii xiqqaa argatanii fi baqattoota duraaniifi'' jedhe. Filannoon Niw Ziilaand sababa koroonaavaayirasiin guyyaan isaa dheereffamee ture. Biyyattiin weeraricha to'achuu ibsitus, irra deebiin akka hin mudanneef magaalaa guddattii biyyichaa uggura cimaa jala galchitee ture. Filannoo gaggeeffameen paartiin MM Jescindaa Ardeerni 49.1% argachuun taa'umsa paarlaamaa 64 argachuu malan argataniiru. Paartiin Naashinal filannicha irraa sagalee 26.8% argate. Taa'umsa 120 paarlaamaa jiru keessaa 35 qooddata jechuudha.
Taa'umsa 120 paarlaamaa jiru keessaa 35 qooddata jechuudha. MM Jesinda Arderni ergaa jajjabinaa dubbachuu qofaan hoggansa isaanii irratti dhiibbaa uumuu danda'a jedhu xiinxaltootni. Biyyattii hiyyummaa keessaa baasuun diinagdee biyyattii akka miillaan dhaabbatu gochuun ergaa jajjabinaa dubbachuun garasi jette gaazexessituun BBC Shayimaa Kaliil.
Koronaavaayiras: Qoricha Doonaald Tiraamp ittiin fayyaniif beekamtiin kenname Ameerikaan namoota dhibee Covid-19f hospitaala galan wallaanuudhaaf qorichi Reemdesviir jedhamu akka hojiirra ooluuf hayyamte. Abbaan Taayitaa To'annoo Nyaataafi Qorichaa Ameerikaa (AFDA) akka jedhetti, qorichi kun yeroo yaalii kilinikaarra turetti dhukkubsattoonni vaayirasichaa akka dafanii fayyan guyyoota shaniin gabaabsa jedhameera. Yeroo dhiyeenya kana Covid-19n qabamanii turan Pirezedaant Doonaald Tiraamp qorichi kun kan kennameef yoo ta'u, akka dafanii fayyaniif isaan gargaareera jedhamee ture. Qorichi maqaan biraandii Veeklerii jedhamu moggaafameef kun qoricha wallaansa koronaavaayirasiif hayyama Abbaa Taayitaa To'annoo Nyaataafi Qorichaa Ameerikaa (AFDA) argachuun kan jalqabaadha. Torban darbe Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa (WHO) Reemdesviir namoota vaayirasichaan qabamanii dhukkubsatan fayyisuurratti bu'aa inni qabu xiqqaadha jedhee ture. Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa qorannoo ofii isaatiin gaggeesseen akka yaada kanarra gahe dubbatus, dhaabbanni Reemdesviir omishu Gileed jedhamu garuu bu'aa qorannoo WHO kana hin fudhanne ture. Reemdesviir ji'a Caamsaa darbe irraa kaasee yeroo atattamaan qofaaf akka faayidaarra ooluuf hayyamamee ture. Akka Abbaa Taayitaa To'annoo Nyaataafi Qorichaa Ameerikaatti, qorichichi namoota ga'eessa ta'aniifi ijoollee umuriin isaanii waggaa 12 guute, akkasumas kanneen ulfaatinni isaanii Kiilogiraamii 40 ta'eef hospitaala dhibee Covid-19f itti wallaanamaa jiran keessatti hojiirra ooluu ni danda'a. Komishinariin Abbaa Taayitichaa Isteefen Hahaan akka jedhanitti, dhaabbatichi murtee kana irra kan gaheyaaliiwwan kilinikaa irra deddeebiin erga taasise sirriitti sakatta'een boodadha. Qorannoowwan gara garaa taasifaman keessaa tokko guyyaa itti namoonni fayyan 15 irraa 10tti gadi xiqqeessuun isaa ibsameera.
Qorannoowwan gara garaa taasifaman keessaa tokko guyyaa itti namoonni fayyan 15 irraa 10tti gadi xiqqeessuun isaa ibsameera. Qorannoon Dhaabbata Fayyaa Addunyaa maal jedha? Dhaabbatichi qorannooqorichoota wal’aansaaf ooluu malu jedhe afur irratti gaggeessera. Isaan keessaa Reemdesviir isaa tokko ture. Qorichi farra busaa Haayidoksiikilorokiin iii HIV wal’aanuuf kennaman lamaan (lopinavir fi ritonavir) wajjin kanneen yaalaman keessa turaniiru. Dawaan UK keessatti dhukkubsattoota Covid hordoffii guddaa barbaadan deeggaru bali’naan tajaajilaaf oole Degzametaason qorannoo kana keessatti hin hammatamne ture. Qorannoo dawaa kanarratti ga’eeyyiin 11,266 kan irratti hirmaatan yoo ta’u, qorannoon kun hospitaalota 500 ol biyyoota 30 keessatti argaman keessatti gaggeeffame. Firiin qorannoo kanaas ilaalamuutti jira.
Koroonaavaayiras: Namtichi Ameerikaa yeroo lammaffaaf Covid-19n qabame Namni Ameerikaa keessaa tokko Covid-19n irra deebiin qabamuun kan dhagahame yoo tahu, inni lammaffaan kan jalqabaa caalaa hamaadha jedhan doktoroonni. Dargaggoon ganna 25 kun yeroo lammaffaaf vaayirasichaan erga qabamee booda, hospitaala galuun isarra ture - sombisaa oksijina qaamasaaf barbaachisu gahaa tahe argachaa hinturre. Carraan Covid'n irra deebiin qabamuun baayyee xiqqoo yogguu tahu, dargaggoon kun ammallee irra deebiin bayyanateera. Haa tahu maelee, qorannoon baruu 'Lancet Infectious Diseases' irratti maxxanfame, waahee madiinummaa vaayirasii kanaaf qabnurratti gaaffii kaasa. Namni kutaa biyyaa Nevaadaarraa tahe kun, rakkoo fayyaa yookaan rakkoo dandeettii dhibee ofirraa ittisu barame kan hinqabne yogguu tahu, akkamiin Covid-19'f saaxilamummaan isaa dabale ka jedhu gaaffii kaaseera. Akka saayintistoonni jedhanitti, namni kun yeroo lammataaf akka haaraatti vaayirasichaan qabame malee, vaayirasichi qaamasaa keessaa otoo hin badin mugee, irra deebiin itti kahe miti. Koodii qaccee mallattoowwan namni kun agarsiise marroo lamaa kan qoratan ogeeyyiin, infekshinii tokkoon kan dhufan tahuu hin dandayan jedhu. ''Argannoon keenya waan agarsiisu, altokko qabamtee fayyuun, gara fuuladuraaf hinqabamtu jechuu miti,'' jedhan Dr. Maark Paandorii - Yunivarsiitii Neevaadaa irraa. ''Carraan irra deebiin qabamuun jiraachuun, hubannoo keenya waa'ee madinummaa Covid-19f qabnu jijjiira.'' Akka isaan jedhanitti, namootni vaayirasicharraa bayyanatanis akkuma namoota kaanii, qajeelfamoota kanneen akka walirraa hiiquu, maaskii afaaniifi funyaanii fi harka dhiqachuu hordofuu qabu. Hubannoon amma dura jiru, yeroo lammaffaaf namni yoo qabame, haalaan itti hin cimu - sababii qaamni keenya yeroo jalqabaarra vaayirasicha loluu waan itti baruuf.
Hubannoon amma dura jiru, yeroo lammaffaaf namni yoo qabame, haalaan itti hin cimu - sababii qaamni keenya yeroo jalqabaarra vaayirasicha loluu waan itti baruuf. Dhukkubsataan Nevaadaa kun marroo lammaffaatti maaliif akka itti cime hanga ammaatti ifa miti. Yaadni jiru tokko, tarii hanga vaayirasii guddaaf saaxilameera tahuu mala. Kana malees, tarii dandamannaan marroo jalqabaa, infekshinii isa ammaa kana hammeessuu mala. Haalli kunis dhukkuboota kanniin akka dangii irratti mul'ateera. Yunivarsiitii 'East Anglia'irraa ka tahan Profesar Pool Hantar, qorannoon kun baayyee na yaaddesseera jedhu. Maaliif jennaan garaagarummaa guyyaa gabaabaa tahe akkasiin marroo lammeessoof qabamuun, akkasumas inni lammataa mallattoon cimuun.
Kooriyaan Kaabaa misaayeeliin agarsiisa waraa gaggeesite Kooriyaan Kaabaa agrsiisa waraanaa halkanii sa'aatii yeroo baayyee itti gaggeeffameen hin beekne Sanbata darbe gaggeessuun hoggannaa biyyattii Kim Joong un ammoo irratti argamaniiru. Agarsiisichis yaadannoo waggaa 75ffaa Paartii Hojjattootaa sababeefachuun kan taasifameedha. Koriyaan Kaabaas yeroo baayyee agarsiisa akkasiitti fayyadamuun meeshaalee waraanaa hammayyaa'aafi misaa'eeloota ishee ittiin agrisiifatti. Qondaaltoonni akka himanittif qophii agarsiisaa Sanbata darbee kanarratti misaa'eelli Baalastikii ardii qaxaamuruu danda'u akka mullatan himu. Agarsiifni kun waggoota lamaan as kan yeroo jalqabaa yoo ta'u, filannoo pirezidaantii US gaggeeffamuuf torban lama yeroo hafuudha. Koriyaan Kaabaa agarsiisa kana kan taasiifte erga yaa'ii yeroo jalqabaatiif pirezidaant Donaald Tiraamp fi Mr Kim bara 2018tti gaggeessaniin asi kun kan jalqabaati. Akka waraana Kooriyaa Kaabaatti, agrsiisichi Sanbata gara barii gaggeeffame. Haata'u malee, maaliif yeroo sanatti akka taasifame sababiin hin eeramne. Agarsiisichas midiyaaleen biyyaalessaas ta'ee lammiileen biyya biraa akka irratti argaman hin hayyamamne. Kanaafuu, xinxaltoonni viidiiyoo midiyaa mootummaatiin erga gulaalameen booda dabarfame irratti hundaa'uuf dirqaman. Suuraan akka mulliseetti Mr Kim uffata suufii guutii aadaa warra biyyoota lixaa kan bifti daalachaa uffatee ijoollee harkaa abaaboo yoo fudhatu mullata. Haasaa taasiseenis Kooriyaan Kaabaa ''waan itti dhufu ofirraa ittisuufi qolachuuf jecha waraanaashee cimsuun' itti fufti jedhaniiru. Akkasumas lammiin Kooriyaa Kaabaa kamiyyu Covid-19n waan hin qabamneef baayyeen gammada jedhaniiru. ''Ummata addunyaa guutuu kanneen vaayirasii hamaa kana ittisaa jiran hundaaf fayyina gaariin hawwaaf,'' jedhan.
Koronaavaayirasiin namani qabame hin jiru jedhamulleen garuu, Mr. Kiim walgahiiwwan sadarkaa olaanoo gaggeessuun uggurri cimaan kaa'ame akka itti fufu taasiseera. Xinxaltoonni garuu Kooriyaan Kaabaa karaan tasum koronaavaayirasiin qabamu itti dhabu hin jiraatu jedhu. Kiim Jong-un haasa isaanii kan xumuran dhaadannoo ''ummanni keenya guddaan baraa bara jiraadhu'' jedhuun ture. Haata'u malee, ummanni biyattii rakkina dinadgee keessatti argama. Gama biraatiin ammoo meeshaaleen waraanaa agarsiisicha irratti mullatan kan biyyoota gara biraatiin kan yaaddoo umuudha. Kooriyaan Kaabaa waggoota lamaaniifi isaa oliif dandeettii nikulaaraa ishee cimsachaa akka jirtu himtee turte. Kanaafuu, agarsiifni Sanbataa kunis ergaadhuma sana cimsuuf kan gaggeefame ta'uu xinxaltoonni ni himu. Agarsiisicha irrattis namni maaskii kaawwate tokkoyyuu hin mullatu. Haata'u malee, kan durii irra namoota muraasatu qophicha irratti hirmaate jechuun AFPn gabaaseera. Biyyattiin weerara koronaa ittisuuf jecha daangaa ishee addunyaa biraa irraa kan cufatte Amajjii keessa ture. Aanga'oonni ajaja daangaarratti ''dhukaasaa ajjeessaa'' jedhu baasuun akka namni kamiyyuu gara biyyattii hin galleef taasisaa jiru. Torban darbee keessas Mr Kiim lammii Kooriyaa Kibbaa dhoksaan ajjeefameef dhiifama gaafatanii ture. Kooriyaan Kibbaa akka himteetti namntichi ajjeefameefi gaheessii waggaa 47 erga du'een booda reeffisaa bishaan irratti argame. Gama biraatiin ammoo fakkiwwan saataalaayitii akka mulliseetti, agarsiisa amma ta'ee namoonni kumaatamaan lakkaa'aman torbaniif shaakalaa turan. Qondaaltoonni lammiilee biyya alaa Piyoongyaang keessatti argaman ammoo magaalaa keessaafi dhiiheenya bakka qophiichi itti gaggeefamu dhaquu, akkasumas suuraa qophichaa akka hin kaafneef itti himameera.
Qondaaltoonni lammiilee biyya alaa Piyoongyaang keessatti argaman ammoo magaalaa keessaafi dhiiheenya bakka qophiichi itti gaggeefamu dhaquu, akkasumas suuraa qophichaa akka hin kaafneef itti himameera.
'Rakkoon fayyaa sammuu Covid-19 boodallee waggoota hedduuf turuu mala' Weerarri koronaavaayirasii erga tasgabbaa’ee boodas rakkoon inni fayyaa sammuu keenyarratti fidu waggoota kurnana dhufaniif turuu danda’a jedhu Piroofeesar Masfiin Araayaa. Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa akka jedhutti erga Covid-19 dhufee booda Afriikaa keessatti rakkinni fayyaa sammuu heddumminaan mudataa jira. Ibsi dhaabbatichaa akka mul’isutti erga Covid-19 booda ardicha keessatti rakkoon fayyaa sammuu dabaleera jedha. Zambiyaatti ogeessa fayyaa sammuu kan ta’an Dr Naa’im Dalaal akka jedhanitti biyyattii keessatti erga Covid-19 booda rakkoon fayyaa sammuu babal’achuusaatti ragaan jira jedhu. Piroofeesar Masfiin Araayaan Yuunivarsiitii Finfinneetti Koolleejjii Saayinsii Fayyaatti barsiisaa kutaa fayyaa sammuu fi hakiima ta’uun hojjatu. Koronaavaayirasii waliin wal qabatee rakkooleen fayyaa sammuu mudachuu danda’an baay’eedha. Keessumaayyuu sodaan Covid-19 anarratti, maatiirratti, naannoo kiyyarratti mudachuu danda’a jedhu jira. Kunis akka namoonni sodaaf, cinqiin, mukaa’uu darbees ammoo rakkoolee fayyaa sammuu biroof saaxilaman gochuu danda’a jedhu Piroofeesar Masfiin. Dhiibbaan Covid-19 qaama keenyarratti geessisuun alatti sodaa fi mukaa’uu guddaa geessisuu danda’a jedhu Piroofeesar Masfiin. Daa’immanii fi fayyaa sammuu Daa’immanii fi dubartoonni mana keessa yookiin naannoo tokko qofatti daangeffamanii turuusaaniitiin rakkoo fayyaa sammuusaanirra gahuun cinatti miidhaan saalaa isaan irra gahuu hubachuusaanii himu Piroofeesar Masfiin Araayaan. Ijoolleenis oolmaa mana barnootaarraa hanga yuunivarsiitii jiran ji’oota torbaaf manasaanii turuunsaanii fayyaa sammuusaaniirratti dhiibbaa akka qabu ibsu. Ijoolleen hiriyyootasaanii waliin fiigaa taphachuunsaanii qaamasaanii qofa osoo hin taane hariiroon hawaasaasaanii guddachaa akka dhufu kan himan Piroofeesar Masfiin; ji’oota hedduuf mooraa xiqqoo keessa yookiin mana keessa daangeffamanii turuun ijoolleerratti dhiibbaa guddaa ta’uusaas BBC’tti himaniiru.
Kanarraa ka’uun ijoolleenis haalan nuffuu, cinqamuu akkasumas diphachuu danda’u. Daa’imman akka namoota guddatanii miirasaanii baasanii himuu dadhabuunsaanii rakkinna biraa ta’uusaatiin rakkoo fayyaa sammuu daa’imman adda addaaf saaxilamuu akka danda’an himu. Ijoolleen magaalaa jiran yeroo ammaa kanatti haalan araada geemii kompiitaraatiif akka saaxilaman dubbatu. Kanarraa ka’uun yeroo barnoonni deebi'ee eegalamu hiriyyootasaanii waliin hariiroon qaban haalan miidhamuu akka danda’u ibsaniiru. Weeraroonni rakkinna fayyaa sammuuf nama saaxilu Dhukkuboonni lubbuu dabarsan haalan nama diphisu kan jedhan Piroofeesar Masfiin, dhukkuboonni daddarboon osoo namoota hin qabneyyuu sodaa ‘na qabuu’ danda’u jedhuun akka yaadda’an himu. Weeraroonni akka kooleeraa, Iboolaa haala walfakkaatuun dhiibbaa akka qaban kan eeran Piroofeesar Masfiin; koronaavaayirasiin yeroodhaa gara yerootti amalasaa jijjiiruunsaa akkuma beekameen sodaa fi diphinni dabalaa akka dhufu himaniiru. Dhukkuba Covid-19 waliin walqabatee rakkinni fayya sammuu dursee mudatu cinqiidha jedhu Piroofeesar Masfiin. Cinqiin kunis salphaarraa hamma hamaatti namoota mudachuu akka danda’u himaniiru. Maatii keessatti namni Covid-19 qabame tokko yoo jiraate ammoo cinqiin hamaaf saaxilamuun akka jiruu fi babal’achuu akka danda’u himaniiru. Maatii keessaa namni tokko sababa Covid-19 du’an ammoo cinqii yeroo dheeraaf turu isaan mudachuu akkasumas yoo hammaate ammoo diphinnaaf isaan saaxiluu akka danda’a jedhu. Dhiibbaa yeroo dheeraa Covid-19 fayyaa sammuurratti fidu Akka ogeessa fayyaa sammuutti dhiibbaan Covid-19 qaamarratti geessuun caalatti; namoonni du’an akkuma jiranitti weerarri koronaavaayirasii erga tasgabaa’e booda rakkinni fayyaa sammuu waggoota kurnan hedduuf turuu danda’a jennee amanna jedhu Piroofeesar Masfiin Araayaan.
Dhukkubsattoonni Covid-19 yeroo dheeraaf veentileetara irra turan yeroo fayyaansaanii deebi’uuf cinqiin ol’aanaaf akka saaxilaman dhukkubsattootarratti arguusaanii himaniiru. Isaan gargaraasa veentileetaraan yoo lubbuun baraaraman isaan cinaasaanittin osoo gargaarsa maashinii argatan lubbuunsaanii darbu argan dhiibbaa xiinsammuu akka jiru himu BBC’tti himaniiru. Lubbuun lafuunsaanii waan gaarii ta’us cinqiinis ta’ee diphinni isaan mudachuu danda’a akkasumas dhukkubsatanii fayyuun mataasaatti dhiibbaa xiinsammuu akka qabu muxannoosaaniirraa himu. Koronaavaayirasii fi OCD Yeroo koronaavaayirasii kanatti cinqiin to’achuu dadhabuu; yoomillee ta’u wantootarrati mirkana ta’uu dhabuun namoota mudachuunsaa mul’ateera. OCD yookiin Obsessive Compulsive Disorder dhukkuba akka namoonni wantoota sodaatanii fi wantootaa irra deddeebiin hojjachuudha. Shakkiin kan jalqabu “ani qulqulluudhaa” kan jedhu irraa ta’uu danda’a, takka turanii ammoo gara jireenya duraatti deebi’ii danda’aa laata” kan jedhutti nama geessuu danda’a. Yoo walirra siiqne, irra deddeebiin harka keenya yoo qulqullessine yookiin ammoo yoo mana turree fi tarkaanfiiwwan biroo hojiirra oolchine vaayirasicharraa of eeguu dandeenya. Ta’us garuu shakkii sammuu keenyaa yoo hin mirkaneessine; isaan wal qabatees cinqiin jireenya keenya keessa jiru baay’eedha. Humnaa ol sodaachuun rakkoolee fayyaa sammuu adda addaatiif nama saaxilu kan jedhan Piroofeesar Masfiin; namoonni tokko tokko cinqiin humnaa ol keessa galanii arguusaaniillee himaniiru. Namoonni erga Covid1- darbe boodas manasaaii cufatanii turan, irra deddeebiin harkasaanii bishaanii fi saamunaan yookiin saanitaayizaraan qulqulleesse rakkoo fayyaa sammuu OCD jedhamuuf saaxliamuu danda’u jechuu waan mudachuu danda’u himu Piroofeesar Masfiin Araayaa.
Namoonni erga Covid1- darbe boodas manasaaii cufatanii turan, irra deddeebiin harkasaanii bishaanii fi saamunaan yookiin saanitaayizaraan qulqulleesse rakkoo fayyaa sammuu OCD jedhamuuf saaxliamuu danda’u jechuu waan mudachuu danda’u himu Piroofeesar Masfiin Araayaa. Sodaan guddaan kan dhufu yoo namoonni waa’ee Covid-19 odeeffannoo gahaa hin qabaanne akka dhufu himuun odeeffannoo sirrii ogeeyyiin fayyaa kennan haalan hordofuun akka barbaachisu dubbatu. Akaataa namoonni gaddaa fi jeequmsa itti keessumeessan namaarraa namatti garaagarummaan kan jiru yemmuu ta’u, odeeffanno Covid-19 haala nama hin sodaachisnee fi hin jeeqneen namoota bira gahuu akka qaban himu. Fayyaa sammuu eeguuf maaltu ta’uu qaba? Fayyaa sammuu akkuma fayyaa qaamaa keenya eegnutti eeggachuu akka qabnu himu Piroofeesar Masfiin. Qilleensa qulqulluu harganuun, haala nyaataa sirreessuun, amantii keenyarratti jabaachuun, sochii qaamaa taasisuun, hirriba gaarii rafuun, araadarraa of qusachuun fayyaa sammuu keenyaa eeggachuu akka dandeenyu himu. Kunneenis wantoota fayyaa qaama keenyaaf barbaachisa ta’anis fayyaa sammuu keenyaafis barbaachisoodha. Yeroo kanatti cinqii irraa of eeguun barbaachisaa akka ta’e himu. Dabalataanis waliif yaaduu, wal gargaaruun barbaachisaa ta’uusaa yaadachiisu Piroofeesar Masfiin Araayaan.
Koronaavaayiras: Tiraamp erga Covid-19n qabamee booda qophii ummataarratti argame Pirezidaantiin US Donaald Tiraamp kanaan booda namoota kaaniitti Covid-19 dabarsa jedhamee akka hin yaadamne hakiimoonni Waayiti Hawus beeksiisan. Siin Koonleey erga Kamiisaati fayyaa Mr Tiraamp irratti yeroo jalqabaatiif dubbate. Pirezidaantichi erga koronaavaayirasiin qabamanii booda yeroo jalqabaatiif guyyaa Sanbataa ummataaf Waayit Haawusiitti haasaa taasianii ture. Haata'u malee, tarii vaayirasicha namoota kaaniitti dabarsaa laata jedhamee yaaddootu ture. Yaadannoon hakimii isaa akka jedhuutti, ''kanaan booda pirezidaantichi yaaddoo vaayirasii nama biraatti dabarsu hin qabu,'' jechuun hangi vaayirasichaas 'hirrachu hima.'' Haata'u malee, ibsichi pirezidaanti Tiraamp Covid-19 nagaatiivi haa ta'anii haa dhiisanii hin ibsine. Pirezidaantichi koronaavaayirasiin qabamuun hospitaala erga galanii bahanii booda, yeroo jalqabaatiif deeggartoota isaanii fulduratti Waayit Hawusirraa haasaa taasisaniiru. Qophii pirezidaantichi maaskii malee irratti haasaa taasisan kunis, ''mormii deegarsaa nagaa'' seeraafi sirnaaf taasifameedha. Haata'u malee, duula na filadhaa Tiraamp fakkaata. Kanaan booda qoricha farra Covid-19 hin fudhadhu kan jedhan pirezidaantichi, ''baayyee fayyaa'' kiyya jechuun ummatatti himaniiru. Erga Kamisaatii asi Waayiti Hawus haala fayyina pirezidaantichaarratti waan jedhe hin jiru. Pirezidaantichi kana booda erga guyyoota sadiif hospitaalatti dabarsanii booda bilisa haa ta'anii ykn haa dabarsanii ifa miti. Duula gaggeessaan Joo Baayidan akka jedheetti kaadhimamaan Dimokiraatii guyyaa Sanbataa koronaavaayirasiirra nagaatiivii ta'eera. Walakkaan walgahii Sanbataa kunis faawundeeshinii ''Blexit'' jedhamuufi warri gurraachaafi Laatinoonn akka paartii Ripablikaanootaa deeggaran barbaadutu qopheesse.
Pirezidaantichis sagantaawwan Dimokiraatootaa akka ''Soshaalitii-Koministootaan ol- waa'ee mirgootaatii'' jechuun Mr Baayidanan dubbiin tuqaniiru. Mr Tiraamp irra deddeebiin akka hawaasa gurraachaaf bara Abraahaam Liinkanii asiitti pirezidaantii kamiyuu caalaa waan baayyee raawwateetti himeera. Akkasumas, talaalliin Covid-19n ''yeroo baayyee gababaa ta'e'' keessatti ni qophaa'a jedhaniiru. Kunis kan daarektarri Jidduugala To'annoo Dhukkubootaa ji'a darbee seenaatarootatti himaniin faallaadha. Warri sagalee walitti qaban akka jedhanitti Mr Baayidan dijiitii tokkoon Mr Tiraampiin dursan. ABC News/Ipsosn akka adda baaseetti Ameerikaaoonni %35 haala Mr Tiraamp itti rakkina koronaavaayirasii qaban ni mirkanneesu. Haata'u malee, filannoo pirezidaantummaa US qabatamaan kan murtaa'u bulchiinsawwan muummee keessatti. Bakkeewwan kunneenis bakka itti filattoota waliigalaatiin itti mo'atan; kan Hiilaarii Kilintan bara 2016 sana caalaa, bakka dorgomtoonni lamaanuu itti mo'achuuf carraa qabaniidha. Pirezidaantiichi Wiixata dhufutti Filooridaa bulchiinsa baatii itti aanuu keessaa dorgommiin pirezidaantummaa cimaan keessatti gaggeeffamu keessatti 'duula guddaa' taasifamuun karoorfamuu himeera. Tiraamp 'Fox News'tti akka himeetti 'dhugaadhumatti baayyee cimaakootu jira,'' jedhaniiru. Kanaafuu, kana booda qoricha hin fudhadhus jedhaniiru, ''doozii dhumaa kan waan hundaa fudhadheera.'' Hakimiin dhuunfaa pirezidaantichaa Seen Koonleey Kamisa akka jedhaniitti, guyyaa Sanbataa kaasee gara ummataan walitti dhufuutti yoo deebii'an rakkoo hin qabaatu. Kunis erga koronaan qabamanii wallaansa argatanii Onkololeessa 1 kaasee guyyoota 10 ta'a jechuudha. Mr Tiraamp Covid-19n qabamuun akkuma barameen guyyoota sadiif hospitaala keessatti wallaansa argataa kan turan yoo ta'u, qoricha 'steroid dexamethasone'qoricha farra remdesivir fi qorichoota wal makaa kaampaanii 'Regeneron' jedhamuun omishame fudhate.
Mr Tiraamp Covid-19n qabamuun akkuma barameen guyyoota sadiif hospitaala keessatti wallaansa argataa kan turan yoo ta'u, qoricha 'steroid dexamethasone'qoricha farra remdesivir fi qorichoota wal makaa kaampaanii 'Regeneron' jedhamuun omishame fudhate. Jidduugalli To'annoo Dhukkubootaa namni yeroo mallattoo koranaavaayirasii irratti argamee kaasee yoo xinnaate guyyoota 10 qofaatti of baasee akka turu gorsu. Yoo dhukkubni itti cimee wallaansa hospitaalaa barbaachise hanga guyyoota 20 barbaachisuu danda'a.
Covid-19: Fayyaan Doonaaldi Tiraampi maal irra akka jiruufi qoricha ittiin yaalamaa jiran Hakiimota isaanii irraa Pirezidaantiin Ameerikaa Doonaald Tiraampiifi haatii warraasaanii Giifti duree Meelaaniyaa Tiraampi Covid-19 qabamunsaanii erga dhagameen booda, waa'een fayyaasaanii ijoo dubbii addunyaa ta'eera. Ofii fayyaan Tiraamp maalirratti argamaa? Gareen wallantootaa pirezidaantichaa ibsa kennan. Gareen wallantoota Doonaald Tiraampi erga inni Covid-19 qabamee hospitaala galeen booda haala fayyina irratti argamu ilaalchisuun ummataafi ibsa tasisaniin, ''Haa fayyina isaatti baayyee gamadnee jirra'' jedhan. Gareen wallaantoota Mr Tiraamp, kan Dr Shoon Kaanilii hakimii pirezidaantiichaa kan dhuunfaa kan ta'aniifi doktaroonni biraa ibsa waliin ta'un har'a fuuldura Jidduugala Wal’aansa Waraanaa Waaltar Riid kan Waashingitan keessatti kennaniin sa'aatiiwwan 72 darbaniif haala gariirratti argama jedhan. Akka gareen wallantootaa kunneen jedhaniitti Tiraampi baayyee haala gaariirratti argamuun alatti, ''miira sammuu gaarii ta'eerratti'' argamu. Keessatti dhiibeen koronaavaayirsi guyyoota jalqabaa torbaa hanga 10 kan cimu ta'u kan eeran Dr Shiin, haa ta'u malee ''haalla pirezidaanitich amma irratti argamutti aniifi gareen wallaansaa baayyee gammanneera'' jedhan. Hakimiin gara biraa akka dubbataniitti, hanga ammaatti kaleen, sirni argansuufi kan biraa pirezidaantichaa nagaadha jedhan. Itti dabaluunis ''ammaan tana Tiraampi oksijiiniitti fayyadamaa hin jiran. Afuura baafachuutti rakkataa hin jira. Sirriiyyu ka'anii asiifi achi deemaa jiru'' jedhan. Miira gaarii ta'eerratti argamusaanii kan himan garee walaantootaa kunneenis, ganama wayita dhukkubsattoota irra naannawuun doowwataniitti, ''ani amma bahee deemuu sadarkaan danda'urrattiin argama'' jechuu himan.
Talaalliin dooziin inni jalqabaa kennamuufii himan gareen wal’antootaa kunneen, guyyoota dhufan shananiif kan itti fufuu ta'uu ibsaniiru. Kanaafuu ''karoorri keenyaa har'aa erga inni miira cimaa akkasii keessa ta'anii akka dhugaaniifi nyaatan, dhangala'aa baay’iaan akka fudhatan, akkasumas waan hojjachuu barbaadan akka hojjataniif jajjabeessuudhas'' jedhan. Hunda caalaa ammoo ''Pirezidaantichi sa'aatiiwwan 24'f ho'a qaamaa homaa hin qaban'' jedhe hakimiin dhunfaa isaanii Dr Shiin. Walumaagalattis haalli fayyinaa Mr Tiraampi irratti argamu gaarii yoo ta'u, nutis of eeggannoo hordofaa jirra jedhan. Miidhaa vaayirasici qaama isaa irraan gahu xiqqeessuf jecha hanga ammaatti yaaliin teeraappii si’a lama pirezidaanti Tiraampiif kennameera. Waayit Haawusii osoo hin bahiin dura qorichi farra dhukkubootaa kan kan kennameef yoo tahu amma akka hakiimni isaa jedhetti ammo farra vaayirasii kan tahe remdisivir kan jedhamu fudhachuu hime. Qorichi dura karaa lilmoo kennameef kaampaanii qoricha oomishu Regeneron jedhamuun kan qophaa’e yoo tahu farra ittisa dhibee garaagaraa lama irraa hojjetame. Kunis qaamni keenya akka dhibee ofirraa ittisuu danda’udha kan gargaaru. Farri dhukkubaa kennameef kun qaama keessa galuun hanga seelotaatti vaayirasichi akka ittisa qaamaaf mul’atu taasisu. Kunis ofirraa ittisuuf kan gargaarudha. Bu’aa qabeessa taha jedhamee abdatama. Hanga ammaatti garuu dhukkubsattotaaf kennamee sadarkaa murtaa’e irra waan jiruuf ammas yaaliif kan kennamedha. Hopitaalota UK keessatti dhukkubsattoota koroonaavaayirasii irratti yaalamaa ture. Remdisivir farra vaayirasii jalqaba Iboolaa ittisuuf qophaa’e ture. Kunis vaayirasichi akka wal hin horreefi hin babal’annef kan ooludha.
Kunis vaayirasichi akka wal hin horreefi hin babal’annef kan ooludha. Akka namoota 1000 irratti yaalametti guyyaa namni tokko vaayirasicha irraa itti bayyaannatu guyyoota 15 irraa gara guyyota 11 gadi xiqqeessera. Qorannoon ammas itti fufee jiraatus fayyisee garuu lubbuu hin oolchine. Ameerikaan waan kaampaaniin Gil’aad oomishe hunda yoo bitattu kaampanichi hanga tahe ammo Kooriyaa Kibbaaf gumaachera.
Koronaavaayiras: Manneen barnootaa deebisanii banuurratti maatii, barsiiftoonnifi barattoonni maal jedhu? Akoteet Yashaw barataa kutaa 12ffaa ture. Qormaata biyyaaleessaa fudhachuuf qophaa'aa osoo jiruu Covid-19 dhufee barnoonni dhaabbata. Waa'ee torban jalqabaa sanatti itti dhagahamee ture yoo dubbatuus, ''Yeroo sana Wiixata itti aanaa qormaata moodeelaa jalqabuuf waan turef cufamuusaatti barattoonni gammadan ture jedha. Booda garuu akka jalqaba jedhame guyyoota 15 qofaaf osoo hin taanee yeroo dheeraaf akka cufamu himamnaan karoorri isaa hundi geedaramuu dubbata. Sababii koronaavaayirasii kanaanis barataa kana qofaas osoo hin taanee hedduun baatiiwwan torbaaf barnootasaanii irraa akka fagaachuun turan taasifamaniiru. Amma erga Ministeerri Barnootaa manneen barnootaa deebiisanii akka eegalaniif labseen booda, Akoteet fa'i qoramaata biyyaaleessaatiif qayyabachaa jiraachuu hima. Haata'u malee, ''Qophii isa kan jalqabaa hinfakkaatu'' jedha gargaagarummaa haamlee duraafi kan ammaa yaadachuun. Barattoota qormaata kutaa 12 fudhataniif yeroon qophii guyyoota 45 kennammu Ministeerichi beeksiiseera. Haata'u malee, Akoteet tekinooloojii waliin walbaruufi naannoo mana barumsaatti deebii'ee miira duraa sana argachuuf yeroon kennamee xiqqaadha jedha. Osoo mana barnootaa keessa ta'anii qormaatawwan modeelii hedduu fudhachuu akka danda'an eeruun, ''Yeroo kennametti baayyeen keenya gammadoo miti,'' jedha. Kanas ta'u garuu, dafanii qoramuun keessa darbuu akka wayyu yaada. "Manni baromsaa saaqamuunsaa na hingammachiifne" Manneen barumsaa akka banamaniif murtee kan dabarse MInisteerri Barnootaa hojiitti kan galamu erga koreen hundeeffamee qophii manneen barnootaa mirkanneessanii booda ta'uu himeera.
Miseensoonni Koree kanaa caalmaan isaanii maatii barattootaafi dameewwan fayyaa, barnootaafi bulchiinsa irra babbaniidha. Miira manni barnootaa banamuun itti uumee BBCn kan gaafate barsiisaafi daarektarri mana barnootaa sadarkaa lammafffaa Lam Obboo Tasfaamikaa'el Kiflee akkas nuun jedhaniiru. Manni barnootaasanii bara 2013tti barattoota 2,000 galmeessuu kan himan Obbo Tasfaamikaa'el, of dagannaan barattootaa tibba galmeetti hubatan isaan naasisuu himu. Haala kanaan wayita barnoonni kennamutti, sa'aatii boqonnaatti haala akkamitiin covid-19 ittisuun danda'ama dhimmi jedhu yaaddoo itti umuu dubbata. Barattoonni maaskii kaawwachuunsaanii qofti waan Covid-19 irraa isaan oolchu waan itti fakakatuuf fageenya isaanii eeggachuun qormaata itti ta'uu dubbata. Kanaafuu, manni barnootaa banamuun ''na hin gammachiifne'' jedhaniiru. Kanaafis sababii yoo eeran, tibba manni barnootaa cufametti namoonni vaayirasiin qabaman gadaanaa yoo ta'u, amma garuu lakkoofsichi dabalaa dhufeera jedhu. Barattoonni malawwan ittisaa kaa'aman irratti waan haala barbaadamuun hubatan hin fakkaatu kan jedhan barsiisaan kun, fageenya isaanii akka hin eeggannee tibba galmeetti hubachuu himu. Kana malees, manni barnootaasaanii haaluma Ministeera Barnootaatiin kaa'ameetti daree tokko keessatti barattoota 25 qofa barsiisuun kan isaan rakkisu ta'uu himu. ''Daree tokkoo keessatti barattoota 70 waan galmeessineef, 25 qofa keessummeessuu kan dandeenyu dabaree [shiftii] sadiin yoo ta'e qofaadha. Dabaree lamaan keessumeessina yoo ta'e 35 ta'uu,'' jedhaniiru. Haata'u malee, tibba barnoonni cufameetti lakkoofsa mannen fincaanii dabaluufi ujjummoo bishaanii diriirsuu dubbataniiru.
Kana malees, kutaalee hundaaf farri vaayirasii biifuun raawwatamaa jiraachuu, beeksisoonni hubannoo cimsan adda addaa maxxanfamaa jiraachu himu. Dhimmicharratti miira lama keessa jirra Obbo Efreem Taayyee abbaa ijoollee lama yoo ta'an, manneen barnootaa dhuunfaa Finfinneetti ijoolleesaanii galmeessisuu himu. Ijoolleessaanii mana barnootaa qaamaan ergee barsiisuun yaaddoo itti ta'ulleen galmeessisuu BBC'tti himeera. Ijoollee bakka tokkootti walitti qabuun wal hin tuqiinaa jechuun rakkisaadha kan jedhan Obbo Efireem, haala kanaan barnoota irraa fagaatanii turan jechuun miira lama keessa jiraachuu himu. Obbo Efireemiifi haatii warraasaanii manneen barnootaa ijoolleerraa vaayirasicha ittisuuf hangam waan barbaachisu akka guutattan waan dhagahan waan hin jirreef yaaddoo qabu. Obbo Efireem bulchiinsa mana barnootaa ijoolleen isaanii itti baratan waliin mari'achuu ibsuun, weerara vaayirasichaa ilaalchisee fooyya'insa taasisaa jiran akka hin hubannee dubbatu. Manni barnootichaa walakkaa guyyaa qofa barsiisuuf karoora qabaachuu himanii, kanaan alatti wanta qabatamaan ijoollee ittisuuf gochaa jiran akka hin dhageenye dubbatu. Qophiiwwan akka qulqullina eegisisu, qophiilee barsiistootaa, akkasumas qophiilee gara biraa maatiin beeksisuun barbaachisaadha jechuun, ''Onkolooleessa 30 barnoonni akka eegalamu ibsameera. Isaan dura garuu qaamaan dhaqeen qophii jiru ergan ilaaleen booda ijoollee kiyya erguu barbaada,'' jechuun yaaddoo isaanii himu. Obbo Efreem mana barnoota ijoolleen isaanii itti baratanitti koreen maatii jiraachuu beekuu baatanilleen, maatiin walitti qabamuun haala ijoolleen koronaavaayirasiirraa itti ittifamuu danda'aniirratti waliin hojjachuun barbaachisaa ta'uu dubbatu. Haala barbaachisuun qophoofneerra Qonjiitti Mogas Hojii gaggeessituu mana barnootaa Maaldiiti.
Manni barnootaasaanii oolmaa daa'immanii hanga sadarkaa tokkooffaa kan qabu yoo ta'u, Covid-19 ittisuuf qophii gahaa taasisaa jiraachuu BBCtti himan. Galmeen osoo hin eegalamiin dura maatiidhaaf gaaffii erguun, maal maal guutamuu akka qaburratti yaada walitti qabachuu himu. Manni barnootaasaanii dabareen barsiisuu kan barbaadu ta'uu himuun, gamoo haaraa waan kireeffataneef kana hojjiirra oolchuuf carraa gaarii qabaachuu dubbatu. Akkasumas, barataan tokko qofaatti teessumaafi miinjaala akka qabaatuuf akkasumas lafa barataan harka itti dhiqatu qopheessuuf hojjechaa jirra jedhu. Kana malees, hojjattoonni mana barnootichaa barattootaatti vaayirasii akka hin dabarsiineef haal-dureewwan qophessaa jiraachuu himu. Fakkeenyaaf, maaskii alatti kaawwatan mana barnootaa keessatti akka baafataniifi uffata alaarreen akka geedarataniif uffata qopheessaa jiraachuu himu. Kunis keessattuu barattoonni oolmaa daa'immanii barsiistota isaanii hammachufi dhungachuun baratamaa waan ta'eef, tutuqqaa kana hir'isuudhaaf uffata barsiistonni mooraan alatti uffatan mooraa mana barnootaa keessatti akka hin uffanne murteessuu isaanii ibsaniiru. Saanitaayizarii harka ittiin qulqulleeffatan, maaskii afaaniifi funyaan ittiin aguuddatan tokkoon tokkoo barsiistotaa akka qabaataniif qopheessuu isaanii dubbataniiru. Bakka barattoonni harka itti dhiqatanis tuttuqqaa harkaa irraa akka bilisa ta'u gochuudhaaf buustuu harka dhiqannaa kan 'seenseriidhaan' hojjetu qopheessuu isaanii BBCtti himaniiru. Daree tokko keessatti barattoota 15 qofa akka barsiisan kan dubbatan hoji-gaggeessituun kun, dareewwan barnootaas baballaa waan ta'aniif qilleensa salphaatti akka argatan ibsaniiru. Mana barumsichaa keessatti meeshaaleen barnootaafi bakkeewwan taphaa barattoonni waloon itti fayyadaman hir'isuun tokkoo tokkoo barataaf meeshaalee barnootaa dhiyeessuun bakka qophaa qophaatti kaawwatan qopheessuufiif dubbatu.
Mana barumsichaa keessatti meeshaaleen barnootaafi bakkeewwan taphaa barattoonni waloon itti fayyadaman hir'isuun tokkoo tokkoo barataaf meeshaalee barnootaa dhiyeessuun bakka qophaa qophaatti kaawwatan qopheessuufiif dubbatu. Barattoonnis yeroo mooraa mana barumsaa keessa seenan akka osoo of hin qulqulleessiin hin seenne bakka itti adda baasan qopheessuu kan dubbattu daarektarri kun, yeroo gara mooraafi dareetti seenan hafaa barakiinaatiin cuubamerra ejjetanii miila isaanii qulqulleeffatanii akka seenan qophaa'uu isaa ibsiteetti. Manni barumsichaa barattoonni mallattoo koronaavaayirasiin kan irratti mul'atu yoo jiraataniifis kutaan itti adda baasanii tursiisan jiraachuus himaniiru. Hoji-gaggeessituun Mana Barumsaa Maalid Qonjiit akka jedhanitti hordoffii biiroon barnootaa taasisuun alatti maatiin manneen barumsaa ijoolleen isaanii itti baratan hordofuu qabu. Kanaaf ammoo maatii fedhiin hordoffii kana keessatti hirmaatan filachaa jiru. Kana gochuun sochii manni barumsichaa Covid-19 ittisuudhaaf taasisu hordofuudhaaf, akkasumas qaawwi uumame yoo jiraates sirreessuudhaaf akka isaan gargaaru dubbatu.
Koronaavaayiras: Qufaamoo Covid-19 kan isin qabe? Akkamiin adda bafachuu dandeessuu? Ka'umsi Influweenzaa, qufaafi Covid-19 vaayiresoota garaa garaa ta'anis mallattoowwan isaanii wal fakkaatu. Tokkoo isa kaanirraa adda baasuun rakkisaadha. Mallattoowwan namoonni koronaavaayirasiin qabaman agariisan keessaa ho'i qaamaa dabaluu, qufaasisaa walirraa hin cinne, miirawwan dhamdhamaa fi foolii fuudhuu namaa hojjechuu dhiisuu kanneen eeramanidha. Ho'a qaamaa qabduu? Yeroo ho'i qaamaa 37.8 ol ta'u qaamni koronaavaayirasii ykn dhukkuba biraa ofirraa lolaa jira jechuudha. Kanaaf, termoomeetira yoo qabaattan ho'a qaama keessanii of lakkaa'aa. Kan kan hin qabne ta'e harka keessan dugdaafi laphee keessanirra kaa'uun ilaalaa. Ho'i qaamaa kan koronaavaayirasii qofaa osoo hin taane mallattoo dhukkuboota birootis. Ho'a qaamaa kan qabdan yoo ta'e Covid-19f osoo qoratamtan wayya. Isin qufaasisaa? Infiluweenzaan ykn qufaan yeroo isin qabu isin qufaasisa. Qufaan akka tasaa nama qabatee qaamni cicituufi maashaan nama dhukkubuu, namatti qorruu, bowwuu mataa, funyaan nama duuduu qaqqabsiisa. Dhukkubbiin isaa Infiluweenzaatiin olidha. Infiluweenzaan kan nutti dhaga'amaa deemu suuta suutaan yoo ta'u, dhukkubiin isaas salphaadha. Qufaasisuu, haxxifachiisuu, qoonqoon keessi nama goguu, akkasumas dhangala'aa funyaan keessaa mallattoowwan jiranidha. Koronaavaayirasiin yoo isin qabate sa'aatii tokkoo ol isin qufaasisa. Sa'aatii 24 keessatti qufaasisaa gargar hin cinne si'a lama yk si'a sadii qaqqabsiisa. Qufaasisaan walirraa hin citiin yoo isin mudate Covid-19 qoratamuun ni gorfama.
Qufaasisaan walirraa hin citiin yoo isin mudate Covid-19 qoratamuun ni gorfama. Dhamdhamuufi fuunfachuu dadhabuu Fuunfachuu yoo dadhabdan ykn dhamdhama waan tokkoo adda baasuu yoo dadhabdan qorannoo koronaavaayirasii taasisuun isinirra jiraata. Qorri kan isin qabate ta'uu kan danda'u yoo ta'us garuu qoratamuun gaariidha. Gama biraan ammoo haxxifachuun mallattoo koronaavaayirasii miti. Ho'a qaamaafi qufaasisaa yoo kan hin qabaanne taatan ykn miironni qaama keessanii akkuma yeroo biraatti ni hojjetu ta'e qoratamuun isin hin barbaachisu. Haata'u malee yeroo haxxiffatan vaayiresicha daddabarsuu waan dandeessaniif softii fayyadamuufi harka keessan saamunaan dhiqachuu hin dagatiinaa. Harkaa dhiqachuutti dabalataan maaskiin afaaniifi funyaan haguuggachuufi walirraa fageenya keessan eeggachuu hin dagatiina. Funyaan keessan isin duucheeraa? Dhangala'aan funyaan keessaa bahu jiraachuun mallattoo koronaavaayirasii akka hin taane beektonni ni dubbatu. Namoonni Covid-19 irratti argame mallattoo xiqqaa ta'e ykn kan itti cime argisiisuu danda'u. Namoonni vaayiresichaan qabaman torban lama keessatti mallattoo agarsiisu. Namoota baayyeerratti garuu guyyaa shanaffaa irratti mallattoon dhukkubichaa irratti mul'achuu danda'a. Yoo kan hafuura isin kutu ta'e dhukkubni sun sadarkaa hamaarra gaheera jechuudha. Walumaa galatti mallattoo Covid-19 kamiyyu ofirratti hubannaan osoo duuba hin deebiyiin gara dhaabbata fayyaa deemaa.
Kalaqa Koronaavaayirasii: 'Haadha kiyya Covid-19 irraa eeguuf kophee biraa qabadheen baha ture' Dargaggoon Abrahaam Yohaannis jedhama. Abrhaam darggeessaa umuriin waggaa 22 yoo ta'u barnootasaa 'civil Engineering' tiin barataa waggaa xumuraati. Innis hojii kalaqaa isaa 'Futendoo' jechuun moggaase tokko hojjateera. Kunis jecha Ingiliffaa 'foot' (miila) fi kophee ergandoo (barbaasoo) jedhamuuf pilaastikii irra hojjatamu walitti fiduun moggaasa kan kenneef. Kalaqni isaas gara jalaatiin kophee maxxansuun akka dhibee gara bakka dhaqamuutti fudhatamee hingalamneef ittisu hojjate. Maaltu kakaase? Waggaan tokko darbees bara taateewwan gurguddaa addunayaa itti mudataniidha. Kanneen keessaa Covid-19 isa duraafi kan gaaga'ama dinagdeefi lubbuu olaanaa qaqabsiiseedha. Haa ta'u malee, dhukkubni kunis gama tokkoon namoonni malawwan weeraricha ittisu dandeessiis akka kalaqaniif carraa uumeera. Meeshaa osoo harkaan hinxuqamiin harka dhiqachuuf gargaaruu kaasee hanga roobootiiwwan sochii to'ataniitti kalaqamaniiru. Kalaqni tibba koronavaayirasii kunis haala itti nagaa walgaafatamu irraa kaasee jijiiraman jireenyaatiif illeen namoota kakaaseera. Fakeenyaaf haala nagaa itti walgaafatamu, maaskii kaawwachuufi harka baayyisanii dhiqachuun wantoota tibba weerarichaa kanneen aadeeffamaniidha. Biyya keenyatti kalaqawwan Covid-19 ittisuufi to'achuufi to'achuuf oolan saddeet Waajjira Abbeentaa Kalaqawwan Itoophiyaatiin galmaa'aniiru. Isaan keesaa tokko Futiendoo ykn soolii kophee dargaggoo Abirahaamiin kalaqame tokkodha. Abrahaam hojii kalaqaa kanatti hawwatamuun dura barnoota isaa barataa oggummaa damee biraa keessa akka ture dubbata. Abrahaam hojii moodeelii faashiinii keessatti hirmaachuun waggoota muraasaaf hojjachuu BBC'tti himeera.
Haa ta'u malee, Covid-19 gama tokkoon hojiisaa idilee akka hin hojjanneef danqaa itti ta'ulleen, gama biraatiin ammoo kalaqa haaraan akka asi bahu gargaareera. Ittisa Covid-19 ilaalchisee xiyyeeffannaan namoota hundaa irra caalmaan xuxxuqqaa qaamaa hir'isuufi qulqullina eeggachu irratti ture. Dargaggoon kuni garuu waa'een kophee ittiin naanna'amaa oolamee gara manaafi biirootti wayita seenamu akka isa yaachise dubbata. Kana biraa haatii isaa dhukkubsattuu sukkaaraa waan ta'aniifi, akka hinsaaxilamneef wayita manaa bahan kophee biraa qabatanii akka bahaniifi wayita mana gahan isa sana akka geeddaruufi dubbata. "Haadha kiyya Covid-19 irraa eeguuf kophee qabadheen baha ture'' jechuun dubbata. Dhimmoonni Abrahaam hojii kalaqaa kanaaf kakaasan kan biraa, weerarichaan wal qabatee odeeffannoon biyyoota biraa irraa dhagahaa ture akka ta'e hima. Keessattuu hojjattoonni fayyyaa lubbuu namootaa baraaruuf hojjataa turan garuu ofiisaanif Xaaliyaaniifi Ispeen keessatti du'aniin baayyee keessisaa tuqamu dubbata. Kanaan boodas 'erga maaskiin fuulaafi guwaantiin harkaa nama hinoolchinee maaliifan kan haguuggii kophee hinkalaqu?' jedhe kan eegale. Kophee akka garaatti geeddarachuun waan hin mijanneef dhaabbilee akka hoteelaa, manneen barnootaa, hospitaalootaafi kkf keessatti kalaqni isaa kun baayyee kan fayyadu ta'u hima. Kalaqni inni barabaasoo irraa hojjatee kunis waan harkiifamuuf gosa kophee fi lakkoofsa kophee kamiifu ta'u danda'a. Sooliin barbaasoo kunis haala barbaadameen deemamulleen kan hintarsaane yoo ta'uu, pilaastikoota gataman walitti qabuun hojjatamu kan danda'amu jedha Abrahaam. Hojii Kalaqaa galmeessisuuf wayita yaadeettis, kopheewwan dubartootaa gara 27, kopheewwan sharaa, akkasumas kophee isinikarii irratti yaaluun akka mijatu taasifamuu hojjatamu dubbata.
Hojii Kalaqaa galmeessisuuf wayita yaadeettis, kopheewwan dubartootaa gara 27, kopheewwan sharaa, akkasumas kophee isinikarii irratti yaaluun akka mijatu taasifamuu hojjatamu dubbata. Hojiin kalaqaa kunis erga weerarichi dhaabbateen boodas qulqullina eeggachuufis waan ooluuf, tajaajilli isaa kan itti fufuu ta'u amana Abrahaam. Sooli qophee maxxansuufi kaasuuf harkaan tuquun dirqama ta'ulleen, yeroo tokkicha kaawwatanii ykn erga baafatanii booda harka qulqulleeffachuun ni salphata jedha. ''Hojiin kalaqaa kun carraan itti gabaa idil-addunyaatiif itti dhiyaachu danda'ulleen jira'' kan jedhu Abrahaam, hanga ammaatti kan isa gargaaru akka hinargatiin hima. Adeemsa yaadaa kaasee hanga gara hojiirra olchuuttis baasii qarshi kuma 12 ta'u akka baase dubbata. Abrahaam bu'aa kalaqa isaa kan ta'ee soolii kophee kanas bal'inaan omishuun gabaa biyya keessaafi biyya alaatiif dhiyeessuuf karoora qabaachuus ni dubbata.
Ameerikaatti lakkoofsi namoota koronaavaayirasiin du’anii 200,000 caale Lakkoofsi namoota koronaavaayirasiin Ameerikaa keessatti du’anii 200,000 akka caale ragaan yuunvarsiitii Joon Hoopkins agarsiisa. Ameerikaatti lakkoofsi namoota vaayirasichaan qabamaniis miliyoona 6.8 darbuun, biyya addunyaa kamiyyuu dursaa jirti. Kutaa biyyattii akka Noorz Daakoota fi Yutaah dabalatee, iddoowwan biroottis lakkoofsi namoota vaayirasichaan qabamanii dabaluu hordofee lakkoofsi kun galmaa’e. Pirezidantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp lakkoofsi namoota du’anii ol guddachuun ‘waan nama naasisu’ jechuun, Chaayinaan ‘’vaayirasicha dhaabuu qabdii’’ jedhani Kibxata kana dubbataniiru. Otoo tarkaanfii to’annoo barbaachisaa hin fudhanne ta’e lakkoofsi namoota du’anii miliyoona lama, miliyoona 2.5 qaqqaba jedhanii tarkaanfii fudhachuu falmatan Donaald Tiraamp. Yuunvarsiitiin Joon Hopkiins ragaa weerara vaayirasichaa addunyaa guutuurraa kan sassaabu wayita ta’u, Ameerikaatti Amajjii keessaa ture namni vaayirasichaan qabame jalqabaa kan galmaa’e. Bulchiinsi Tiraamp garuu weerara vaayirasichaa to’achuuf tarkaanfii sirrii hin fudhannee jedhame irra deddeebiin qeeqama. Dorgommii pirezidaantummaa Ameerikaa baranaarratti kaadhimamaan Dimokiraatotaa Joo Baayiden Wixata akkas jedhanii Tiraamp qeeqan’’ Soba fi ga’umsa dhabiinsa Doonaald Tiraamp ji’oota jahan darbanitti mul’iseen lubbuu lammilee Ameeerikaa hedduu seenaa keessatti yeroo dhabne keessaa kun tokko.’’ Itti dabaluun, weerara kana to’achuuf ga’uumsi hooggansaa barbaachisa ture, inni garuu achi hin jiru jedhanii qeeqan. ‘’Inni garuu naasuun qorree, deebii kennuu dadhabe, ni wareere, kanattii Ameerikaan aarsaa guddaa biyya kamiyyuu caala kaffaltee’’ jedhanii Tiraamp qeeqan.
‘’Inni garuu naasuun qorree, deebii kennuu dadhabe, ni wareere, kanattii Ameerikaan aarsaa guddaa biyya kamiyyuu caala kaffaltee’’ jedhanii Tiraamp qeeqan. Tiraamp garuu guyyuma sana hojii to’annoo bulchinsi isaanii hojjateef A+ of kennaniiru. Ameerikaan amma haala akkamii keessa jirti? Bulchiinsa Noorz Daakootaatti torbanoota as aanan lakkoofsi namoota vaayirasichaan qabamanii dabaleera. Sa’aatii 24 keessatti namoota 3,200 haaraa qabame, namoonni 87 immoo hospitaalatti du’aniiru. Lakkoofsi namoota vaayirasichaan qabamanii Noorz Daakotaa, Yutaah, Teksaasi fi Saawuz Daakotaatti dabaleera. Ji’oota Bonaattis lakkoofsi namoota qabamanii dabalaa deema jedhamee sodaatama.
Koronaavaayiras: Olompiikni Tookiyoo 'Covid-19 jiraates jiraachuu baates ni gaggeeffama' jedhe Olompiikni Tookiyoo bara 2021'tti darbe ''Covid jiraates jiraachuu baates'' ni gaggeeffama jedhan Pireezidantii Itti aanaan Koree Olompiikii Idila Addunyaa. Joon Kuwaates AFP'tti akka himanitti, taphootni Olompiikii bara dhuftu ji'a Adoolessaa keessa ni jalqabamu. Taphootni kunis ''taphoota Covid-19'n irra aanan jedhamu,'' jedhaniiru. Jalqaba Adoolessa bara 2020 gaggeeffamuuf karoorri kan baheef, taphni Olompiikii kun sodaan weerara Covid-19 hammaachuu isaatiin bara itti aanutti darbe. Koreen Olompiikii Idila Addunyaa dorgommiin kun bara 2021 akka hin dabarre ibsee ture. Hoogganaa Olaanaan Olompiika Tookiyoo Toshiiroo Muutoo daawwattoota murtaahaniin dorgommiiwwan gaggeeffamuu akka danda'an, garuu ammoo bakka daawwataan hin jirretti gaggeeffamuu isaa akka hin jaallanne dubbataniiru. Of eeggannoof jecha lakkoofsi jila dorgomtoota biyya isaanii bakka bu'anii fi kan isaan waliin dhufanii akka xiqqaatu gochuun, sirna baniinsaa fi cufinsaa salphisuu akka filannoottis dhiyeessaniiru Toshiiroon. Olompiika Tookiyoo bara 2020'tiif atileetotni 11,000 ol ta'an kan biyyoota 200 ta'an bakka bu'an Jappaan Tookiyoo galuuf qophaawaa turan. Weerara Covid-19 to'achuuf jecha Jaappaan daangaa ishee gara caalu cufattee bakka jirtutti, sochiin kun hirmaattota hangam akka miidhu hanga ammaa hin beekamne. Toshiiron talaallii argachuufi fudhachuun dirqama ta'uu akka hin dandeenyes dubbataniiru. Ogeeyyiin fayyaa garuu talaallii malee taphoota kana gaggeessuurratti shakkii qabaachuu ibsaniiru. ''Talaalliin qaqqabe jiraannaan fayidaa qaba, haata'u malee yoo talaalliin hin jiru ta'e hin gaggeessinu hin jennu, haalduree miti talaalliin,'' jedhan Yoshiiroon.
''Talaalliin qaqqabe jiraannaan fayidaa qaba, haata'u malee yoo talaalliin hin jiru ta'e hin gaggeessinu hin jennu, haalduree miti talaalliin,'' jedhan Yoshiiroon. Caamsaa keessa haasaa dubbatanii tureeniin Olompiikni Tookiyoo bara 2021 keessa hin gaggeeffamu yoo ta'e haqamuu qaba jedhanii turan. Murtee hoogganaa Olompiika Tookiyoo kanaan waliigaluu kan himanii turan Pireezidantiin Waldaa Olompiika Idila Addunyaa Toomaas Baach bara baraan namoota 3,000 - 5,000 koree qindeessituu jettee qacaruu hin dandeessu jedhan. Weerara Covid-19'n dura Olompiikni yeroo biraatti akka darbu murtaahee hin beeku, sababa waraanaan garuu haqamee beeka.
Firaa'ol Balaay isinitti himti.
Koronaavaayirasii: Qorannoon Covid-19 'vaayirasii du'e akka jiruutti agarsiisuu mala' Qorannoon Covid-19 namaaf taasifamu hambaa vaayirasii koronaa qaama namaa keessatti du'ee fudhachuun akka waan namni sun vaayirasii qabuutti agarsiisu mala jedhan ogeeyyiin. Namoonni hedduun vaayirasichaan qabamanii kan nama kaanitti dabarsuu danda'an torbee tokkoof hin caalu, haa ta'u malee sana boodallee poozatiivii ta'uu malu. Sababni gabaasni weerarri vaayirasichaa akka malee ol ka'eef kana ta'uu malas jedhu. Kanneen waan kana qoratan keessaa tokko kan ta'an pirofeesar Kaarl Henengihan, qorannoon Covid-19 namni tokko qabameera ykn hin qabamne jechuu qofa osoo hin taane, qabameera jechuuf hammi vaayirasii qaama keessatti argamuu murtaa'uu qaba jedhu. Qorannichi vaayirasii lubbuun jiranii fi dammaqoo ta'an namarraa namatti darbuu danda'an qofa osoo hin taane, haftee vaayirasoota du'aniillee fuudhee akka namni sun vaayirasii qabuutti mul'isuu mala jedhu. Yeroo Covid-19 qoratamtu bu'aan qorannoo qabamte/hin qabamne malee, vaayirasiin hagam qaama keessa akka jiru ammoo vaayirasoonni kunneen hagam dammaqoo akka ta'an hin mul'isu. Namni vaayirasii dammaqoo hedduu qaama isaa keessaa qabuu fi namni vaayirasicha irraa dandamatee hafteen vaayirasii du'ee xixiqqoon qaama keessa jiru qixxee poozatiivii jedhamuu danda'u. Vaayirasiin qaama namaa keessa jiru hagam dammaqaadha kan jedhu baruun ulfaataa ta'us poozatiivii jechuuf poozatiivii kan jedhamu hagamii ol kan jedhuun qabxii kaa'uu irratti saayintiistonni hojjechuu qabu jedhu pirofeesar Kaarl. Kuni carraa namni bu'aa qorannoo poozatiivii sobaa argachuu xiqqeessa jedhu. Dabalataan nama adda of baasuu hin barbaachifnerraa oolcha, hammi weerarichaa sirriin hagam akka ta'e baruufis gargaara jedhu.
Dabalataan nama adda of baasuu hin barbaachifnerraa oolcha, hammi weerarichaa sirriin hagam akka ta'e baruufis gargaara jedhu.
Koronaavaayirasii: 'Covid-19 afaanin yoo dubbataniifi yoo dhukkubsatan gargari' - Ittiiqaa Tafarii Sirboota warraaqsaa sirbuun Oromoota birattii daran kan beekamu weellisaa Ittiiqaa Tafarii erga koronaavaayirasiidhaan qabamee torbeewwan muraasni darbuu BBC'tti himeera. 'Dhukkubichi bakka akkasiitii na qabe jedhee hin beeku' kan jedhu weellisaan kun, bakki itti na qabuu hin oolu jedhee shakku garuu inuma jira jedha. "Shakkiin koo gaafa obboleessi keenya weellisaa Haacaaluu Hundeessaa ajjeefame sana maaskii osuma hin godhatin hospitaala keessa asiif achi fiigaa turre." "Ambottis yeroo awwaalchaa sana ana qofa osoo hin taane namni hedduun miira keessa waan tureef maaskii hin fayyadamne, shakkiin kiyya kanuma" jedha. Erga Amboo deebi'ee miira dhukkubbii itti dhagahameen gara buufata fayyaa dhuunfaa deemuun dhuukkuba biraa akka ta'etti qorichi ajajameefii fudhataa akka ture hima. Dhukkuba biraati haa jedhamu malee, mallattoon ofiratti argaa ture mallattuma koronaavaayirasii ture jedha Ittiiqaan. "Qaamnikoo baayyee na dadhaba. Utaalloo gogaa ta'e sa'aatii sadiif osoo walirraa hin kutiinfaa na qufaasisa ture." Ergasii gara biiroo fayyaatti bilbiluudhaan qorannoon taasifameefii booda koronaavaayirasiin irratti argamuun waan mirkanaa'eef jiddugala wal'aansa koronaavaayirasii galma barkumeetti torbee lamaaf yaalamaa ture. "Kanin jiraadhu obboleettiikoo waliini. Isheenis qabamtee turte. Kan ishee garuu dhukkubni waan itti hin hammaanneef manumatti ofyaalaa turte. Animmoo torbeewwan lama galma barkumeetti hordoffiin naaf taasifamaa ture" jedha. Torbeewwan lamaan galma barkumeetti dabarse haalan hamaa akka ture kan himu Ittiiqaan, deeggarsi ogeessota fayyaa fi kunuunsi namoota dhukkubsataniif taasifamu kan galateeffamuu malu ta'uu hime.
Torbeewwan lamaan galma barkumeetti dabarse haalan hamaa akka ture kan himu Ittiiqaan, deeggarsi ogeessota fayyaa fi kunuunsi namoota dhukkubsataniif taasifamu kan galateeffamuu malu ta'uu hime. Weellisaa Ittiiqaa Tafarii yeroo ammaa koronaavaayirasiirraa guutumatti bilisa ta'uu baatus, guyyoota shaniin dura Galma Barkumeetii gara mana isaatti akka deebi'u ta'eera. "Haalli naannoo kanaa nageenya keetiif nu yaaddessa naan jedhan" kan jedhu weellisaan kun, "nageenyuma kiyyaaf akkan manatti galee asitti deddeebi'anii na hordofan taasifame" jedha. Guyyoota shanan erga Galma Barkumeetii bahe kanattis mana isaatti deddeebi'uun hordoffii gaarii taasisaafii jiraachuu eereera. Yeroo ammaa kanattis Koronaavaayirasiin qaama isaa keessaa guutumatti badee hin raawwatin malee fayyummaa gaariirra akka jiru himeera. "Hawaasni Oromoo karaa hundaan na gaafachaa, waa'ee kiyyaaf cinqamaa turtan hunda nan galateefadha. Ani amma fayyummaa gaarirran jira. Wanta nama yaaddessu keessa darbeera" jedhe. Torbeewwan muraasa dhukkubbii cimaadhaan dabarserraas hawaasni dhukkubicha salphisee ilaaluu akka hin qabne dhaameera. "Qufaan isaa baayyee hamaadha. Harka lamaan mataa qabadheen qufa'aa ture. Baay'ee baay'ee ulfaataadha hamma himamuun olitti." "Dhukkubicha afaanin yoo dubbatanii fi dhukkubsatanii yoo argan wal adda, of-eegannoon baay'ee murteessadha" jechuun dhaame. Ittiiqaan welluu haaraa 'Galma Dhugaa' jedhu xumuree kiliippii hojjechaa osoo jiruu sababa dhukkuba kanaatiin adda kutuu fi akkuma dhukkubicharraa dandamateen sirba haaraa dinqisiifattoota isaatiin akka gahu BBC'tti himeera.
Koronaavaayiras: Tatamsa'ina Covid-19 ittisuuf walirraa fageenyi meetira lamaa gadii bu’aa qabeessa ta’aa? Tatamsa'ina koronaavaayirasii ittisuudhaaf seerri walirraa fageenyi namoota jidduu jiru meetira lamaa akka hojiirra oolu kan ajajan MM UK Booriis Joonsan. Seera isaan akka hojiirra ooluuf ajaja kennan kana miseensonni paarlaamaasaanii garuu hedduu qeeqaniiru. Saayinsiin maal jedha? Deebiin ifa ta’e, namootatti hamma dhiyaataniin carraan vaayirasichaan qabamuu keessanis akkasuma dabala jedha. Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa yoo xiqqaatee meetira tokko wal irraa fagaadhaa jedha. Biyyoonni muraasa seera WHO’n hojiirra oolchaniiru. Biyyoonni muraasaa ammoo fageenya sanaa ol eegaa jedhaniiru: Qarannoon dhiheenya taasifame maal jedha? Qorattoonni akka jedhanitti tatamsa’inna vaayirasichaarraa of eeguu yoo xiqqaate fageenya meetira tokkoo eeggachuun gaariidha jedhu. Fageenya meetira tokkoorratti carraan vaayirasichaan qabamuu %13 yoo ta’u achii ol yoo ta’e immoo %3. Dabalataanis fageenya san caalu hamma meetira sadii eeggachuu carraa qabamuu walakkaadhaan hir’isa. Seerri fageenya eeggachuu jedhu eessaa dhufe? Seerri kun 1930’oota keessa akka jalqabetu himama. Qorattoonni dhangala’aan yeroo qufaanuu yookiin haxxiffannu afaan keenyaa bahu saffisaan gara qilleensaatti makamu yookiin lafatti bu’a jedhan. Dhangala’aan sunneenis fageenya meetira 1-2 irratti qubatu. Sababa kanaaf kan yeroo namoonni qufa’an isaan irraa siqaa, wantoota isaan itti qufa’an tuquurraa of qusadhaa akkasumas fuula keessan hin tuqinaa jedhamuuf. Piroofeesar Lidiyaa Booroo’ibaa Inistitiyuutii Teeknooloojii Maachaasuuseets irraa kaameraa fayyadamuudhaan dhangala’aan yeroo qufaanu hamma meetira 6’tti qilleensa keessatti argamuu danda’a ifa godhaniiru.
Piroofeesar Lidiyaa Booroo’ibaa Inistitiyuutii Teeknooloojii Maachaasuuseets irraa kaameraa fayyadamuudhaan dhangala’aan yeroo qufaanu hamma meetira 6’tti qilleensa keessatti argamuu danda’a ifa godhaniiru. Akkasumas qorannoon Chaayinaa keessatti taasifame koronaavaayiras irraa of eeguuf fageenya hamma meetira afur qabaachuu gaariidha jedha. Jiddu galli Ittisaa fi To’annaa Dhukkubaa Ameerikaa dhangala’aan sunneen vaayirasicha tamsaasuun isaanii “qabatamatti wanti beeku hin jiru” jedha. Dabalataanis vaayirasiin kamuu meetira lamaa ol keessatti namoonni akka dhukkubaan qabaniif sababa ta’uusaa hamma ammaatii hin beekamu. Xiyyeeffannaan fageenya qofa irratti miti Yeroonsaa murteessaadha. Nama dhukkubichaan qabame waliin dhiheenyatti yeroo dheeraa dabarsitu taanaan carraa qabamuus akkasuma dabala. Saayintistoonni mootummaa UK akka jedhanitti nama tokko waliin fageenya meetira tokkorratti seekondii jaha turuun fageenya meetira lamaarratti daqiiqaa tokkoof turuun waluma qixa jedhan. Nama qufa’utti dhihaachuun saaxilamummaa haalan dabala. Bakka namoonni itti baay’atanitti qilleensi gahaan akka jiraatuu gochuun gaariidha. Kutaan cufame carraa dhukkubichaan qabamuu dabala. Kallattiin namni sun harganus murteessaadha – namni sun kallattiidhaan isinitti hargana yoo ta’ees carraa dhukkubichaan qabamuu keessanis ni dabala. Qorattoonni Jaappan qorannoo taasisaniin namoota Covid-19 qabaman 110 irratti taasisanii carraan namootaa mana keessatti qabamuu isa alaa si’a 19’n caala. Maaf deebiin gaaan hin jiraanne? Eega weerarri koronaavaayiras addunyaarratti mudatee as ji’oota muraasa ta’us saayintistoonni waa’ee vaayirasichaa waan heddu beekaniiru. Ta’us garuu hamma ammaatti namoota qabamaniin vaayirasiin hammamii akka gad dhiifamuu fi namoonni hammami fudhatanii akka dhukuubsatan hin beeknu. Hammasiif of eeggannoo taasisuun barbaachisaadha. Yeroo san kan seerri fageenya eeggachuus laaffifamuu danda’u.
Zimbaabweetti daa'imman torba halkan tokkotti hospitaala keessatti du'anii dhalatan Wiixata darbe daa'imman torba hospitaala Haraaree, Zimbaabwee keessatti du'anii dhalatan. Rakkoon kun qacarriin ogeessotaa boodatti harkifachuun waliin wal-qabateetu uumame jechuun doktaroonni lama BBC'f mirkaneessaniiru. Narsoonni meeshaaleen of eeggannoo (personal protective equipment) nuuf hin guutamne jechuun mormiirra jiru, dabalataan deessuuwwan baay'eetu hospitaalicha keessa jira. ''Waan gaafa Wiixata argine rakkoo guddaa jiru keessaa isa xiqqoo nutti agarsiise,'' jedha hakimni tokko. Seektarri fayyaa biyyattii dhihoo kana waliigaltee meeshaalee fi tajaajila Covid-19 wal-qabatee salphina guddaa keessa galee jira. Himannaa waliigalteewwan doolaara miiliyoonota baay'een, meeshaaleen akka bitamaniif kennameetu ture. Gatiin meeshaalee kanaaf kenname garmalee qaalii yoo tahu, sababii kanaan ministirri fayyaa biyyattii hojiirraa ari'amaniiru. Odeeffannoon mootummaarraa miliqee bahe komii fi mormii hojii dhaabuu hakiimonni taasisuuf jedhaniif deebii kenneera. Danqaawwan hospitaalicha keessa jiran kanneen akka yaaliiwwan gahumsa hin qabneefi hanqinni meeshaalee fayyaa sababii sharafa maallaqa biyya alaatiin mudate jedha. Haa tahu malee hakiimonni yaada isaanii tajaajila kennuu dhaabuu akka irra deebi'anii ilaalan gaafateera. Duuti Hospitaala Haraaree keessatti mudate jalqaba Dr Piitar Magoombaayiitu Twitter irratti barreesse. ''Egeree keenya saamamnee jirra, daa'imman keenya hin dhalatiin dabalatee, maaloo hanna dhaabaa,'' jedhe. Dhimma kana waliin kallattiin kan hojjechaa turan doktaroonni lama gaafa Wiixataa haadholii saddeetiif yaaliin da'umsa baqaqsanii wal'aanuu kenname. Kunneen keessaa daa'imman torba du'aa isaaniitu dhalate jedha. ''Rakkoo sana furuuf yaaliin taasifame baayyee boodatti harkifataa ture,'' jedha hakiimni miidiyaattii haasa'uuf hayyama hin qabne tokko immoo.
''Haadholiin lama gadameessarra miidhaa waan qabaniifuu yaaliin baqaqsanii wal'aanuu dafeetuu jalqabamuufi qaba ture. Warri kaan ciniinsuun irra turraanidha yaaliin kun kan kennameef. Haa tahu malee yeroon waan hin qaqqabamneef daa'imti ukkaamamuun rakkoon dhalate.'' Hospitaalota Haraaree lama hakiimaa fi narsiiwwan qubaan lakkaawwamaniin socho'aa jiran keessatti, ''waan jibbisiisaa' argaa jirra jedhe hakiimichi. Kana malees kiliinikoonnii xixiqqoo magaalattii keessa jiran Waxabajjiirraa qabee mormii hakiimotaan waan cufamaniif, haadholiin ulfaa baayyeen gara hospitaala mootumaatti dhufuun dhiibbaa uumeera. Waan kun gochaa qofaatti ilaalamu miti. ''Guyyuu yeroo mudatufi daa'imman du'an kan callisnee ilaaluu dha. Maatiifi hakiimota haaraa dhufaniif dararaa hamaa dha,'' jedhan hakiimni kun. Hakiimichi rakkoon guddaa meeshaalee of eeggannoo ogeessota fayyaa akka jiru hima. Kana malees, dhukkuba yeroo ulfaa dhufu yaaluufi qorichi gahaan hin jiru, hanqinni dhiigaa yeroo haadholiin dahanitti rakkoo ni uuma jedha. ''Narsooti gameeyyii tahan mormiif deemuu hin danda'an, garuu rakkoo as jiru garuu dandamachuu hin dandeenye,'' jedha hakiimni inni duraa. ''Hakiimonni tajaajila kennaa jiru garuu isaanillee amma mudhukan. Hakiimonni haaraa immoo rakkoo wal-xaxaa adda baasuun isaan rakkisa. ''Waldaan ogeessota da'umsaa fi gadameesssa haala kana ''hamaa fi jibbisiisaa,'' jedhan. Haadholiin keenyi gidirfamaa jiru qaamolee mootummaa dabalatee, ogeessonni fayyaa fi warri dhimmi kun ilaallatu akka tarkaanfii fudhataniifi haadhaafi ilmoo baraaran gaafataniiru. Zimbaabwee keessa gatiin qaala'uun diinagdee biyyattii kokkeetti qabeetu jira, paartii biyyattiin erga bilisa baatee as bulchaa jiru Zanu-PF irratti mormiin taasifamu Jimaataaf qabameera.
Zimbaabwee keessa gatiin qaala'uun diinagdee biyyattii kokkeetti qabeetu jira, paartii biyyattiin erga bilisa baatee as bulchaa jiru Zanu-PF irratti mormiin taasifamu Jimaataaf qabameera.
Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa koronaavaayirasiin qilleensaan darbuu akka danda'u amane Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa (WHO)n koronaavaayirasiin paartikiloota xixiqoo qiileensa keessa faca'aniitiin kan darbu ta'u ragaan jiraachuu amane. Tatamsa'innii vaayirasichaa bakka namoonni itti walitti baayyatan, walitti siqanii jiran ykn haala gahaa ta'een qilleensa hin qabnee keessatti jiraachuu akka danda'u qondaalli dhaabbatichaa himan. Kun mirkanoofnaan qajeelfamoonni mana keessatti koronaavaayirasii ittisuudhaaf bahan kan jijjiiraman ta'u. Xalayaan qorattoota 200 oliin barraa'ee tokkoos tatamsa'ina vaayirasichaa qilleensa keessaa tuffachu isaatiif WHOn himataniiru. Hanga ammaattis dhaabbatichi vaayirasichi kan darbu karaa ancufaa wayita namoonni qufa'an ykn haxxifatan qiilleensa keessa faca'uutiin jechaa ture. ''Ragaa jiru akka fudhatan barbaadna,'' jedhu Yunvarsitii Koloraadaatti qorataa Kemistirii kan ta'aniifi xalayaa WHOtti barraa'e kan mallatteessan Joose Jimeeneez. ''Kun gonkumaa haleellaa WHO irratti taasifamu miti. Kun marii saayinsiitti, garuu ammoo marii hedduu waliin taasifnulleen ragaa kana fudhachuu waan didaniif ummatatti beeksiisu barbaadne,'' jedheera. Qondaaltoonni WHO garuu ragaan kun kan jalqabaa waan ta'eef qorannoodhaa deegaramuu qabaata jechaa jiru. Benedettaa Allegranzii, Dhaabbata Fayyaa Addunyaatti hoogganaan teekinika ittisaafi to'annoo dhukkuboota daddarboo, koronaavaayirasii karaa walitti maxxanuutiin, ummata walitti baayyateefi lafa qilleensi hin gallee keessatti darbuu danda'a jedhamu waanuma amanamu danda'udha jedhaniiru. Haata'u malee, ragaan kun haalaan qoratamuu qabas jedhaniiru. Dhugaa ta'ee argamnaan ammoo ittisa Covid-19 amma hojiirraa olfamaa jiran irratti jijjirama taasisuun kan barbaachisu ta'us kaasaniiru. Ragaan ammaa kun dhugaa ta'ee argamnaan maaskii sirriitti kaawwachuufi keessattuu eddoowwan akka mana dhugaatii, resitoraantiifi bakkeewwan geejiba ummataatti faageenya qaamaa eeggachuun haalaan cimfamee hojiirra oolfamuu kan barbaachisu ta'uu himan.
Ragaan ammaa kun dhugaa ta'ee argamnaan maaskii sirriitti kaawwachuufi keessattuu eddoowwan akka mana dhugaatii, resitoraantiifi bakkeewwan geejiba ummataatti faageenya qaamaa eeggachuun haalaan cimfamee hojiirra oolfamuu kan barbaachisu ta'uu himan.
Biyyi Afrikaa Kibbaa biyyoota Afrikaa koronaavaayirasiin dura- aantummaan miidhaman keessaa tokkodha.
Koronaavaayiras: Pireezidant Tiraamp namni maaskii akka uffatu gorsan Pireezidantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp biyyattiitti weerarri koroonaavaayiiras ''fooyya'uu isaa dura ni hammaata'' jechuun ibsa ji'oota keessatti yeroo duraatiif dhimma vaayirasii kanaarratti kennaniin himan. Ofii isaaniis maaskii malee kan socho'an Tiraamp, yeroo dheeraaf namni Maaskii akka uffatu akka labsan gaafatamanii didaa erga turanii booda, ibsa kanaan ''fayidaa waan qabuuf, jaalala biyyaa agarsiisuufis'' namni maaskii akka uffatu gaafataniiru. Ibsa kana yeroo kennanillee maaskii kan hin uffanne pireezidantichi maaskiin qulqullina hin mul'isu jechuun qeeqaa turan. US keessatti weerarri vaayirasii kanaa haalan dabalaa waan jiruuf pireezidant Tiraampis dhimma kanarratti ejjenno qaban akka cimsan gorsitoota isaaniirraa dhiibbaan irratti godhamaa tureera. Ibsi guyyuu dhimma koroonaavayiras irratti Waayit Haawusii kennamu kan adda cite ji'a sadii dura pireezidantichi qorichoota farraa infeekshinii waraannachuun furmaata ta'uu danda'a jechuun erga dubbatanii boodadha. Ji'ootaan booda ibsa isaanii kan jalqabaa kanaan waan gorsitootni isaanii taaskifoorsii addaa jalatti gurmaa'an jedhaa ittiin jedhan dubbataniiru. ''Vaayirasichi foyyee agarsiisuurra hammaachaa deemuu hin oolu'' jedhan. Kuni waanan dubbachuu jaaladhu ta'uu baatus haalichi akkas ta'eeras jedhaniiru. ''Namni kamuu meetira lama walirraa fagaachuu yeroo hin dandeenye maaskii haa uffatu'' jedhan. Itti dabaluunis maaskiin jaallattaniis jibbitaniis, fayidaa qaba'' jedhanii waan jiru hundatti fayyadamuu qabna ergaa jedhus dhaaman. Vaayirasii kanaan ''China Virus'' jedhanii ibsanii kan turan Tiraamp, kutaa miidiyaaleef ibsa itti kennan keessatti maaskii kiisii keessaa baafataniis ofitti osoo hin godhiin ibsicha xumuran.
Vaayirasii kanaan ''China Virus'' jedhanii ibsanii kan turan Tiraamp, kutaa miidiyaaleef ibsa itti kennan keessatti maaskii kiisii keessaa baafataniis ofitti osoo hin godhiin ibsicha xumuran. Tiraamp filannoo ji'oota booda gaggeefamuun Ji'oo Baayidan injifachuun marsaa lammataaf itti fufuuf hojii jabaatu isaan eeggata. Morkataan isaanii Ji'oo Baayidan qabiinsa weerara kanaarratti Tiraamp lammiilee Ameerikaarrraa hanqiseeraa jechuun qeeqan.
Sababa Covid-19'n 'hanqinni shaqaxoota bu’uuraa Ertiraatti mudatun' gabaafame Eertiraatti weerara koroonaavaayirasii hordofee tarkaanfii mootummaan fudhaten hanqinni shaqaxootaa bu'uuraa nyaataaf oolan irratti uumameera. Shaqaxoota gabaa irra jiran irratti ammoo daballiin gatii guddaan mul’achuu maddeen BBC’n dubbise himaniiru. Keessumaa Eertiraa naannoo Gammoojjii Gaasha Barkaatti haalli isaa hammaachuu irraa kan ka’e ijoolleen beelaaf saaxilamuu jedhame. Hanqinni kun irra caalaa magaalota Eertiraa keessatti kan mudate yoo tahu Daakuun boqqoolloo kanaan dura Naafqaa maallaqa Eertiraa 1,000’n gurguramaa ture amma dachaan dabalee Naafqaa 2,000 galuu himan. Dabalataan, hanqinni bishaan dhugaatii guddaan akka jiru himu. Kanaan dura bishaan konkolaattota bishaan raabsaniin hiramaa ture . Amma erga weerarri koroonaavaayirasii dhufeeen as sababa hanqina boba’aa mudateen konkolaattotni kunneen tajaajila isaanii xiqqeessaniiru jedhan. Mootummaan Eertiraa weerara vaayirasichaa ilaalchisuun ibsa yommuu kennu ‘’daangaa keenyaa fi mana keenya cufannee ittisuu yoo tahe malee tooftaa biraa hin qabnu’’ jechuun isaa ni yaadatama Kana irraa kan ka’e lammiileen biyyatti nyaata bitaachuufi dhimmoota murteessoof yoo tahe malee mana isaanii cufataniiti kan oolan. Hidir kan jedhamu deeggarsa mootummaan shaqaxoota akka boobee, zayitaa, sukkaaraa fi baala shayee kan dhiyeessu irraa bitachaa namootni turan jiraattotni magaalaa Asmaraa amma hanqinni akka isa mudatedha kan himan. Lammiileen biyyattii dhiyeenyatti oomishaalee nyaataa argachuu kan danda’an Sudaanii fi Itoophiyaa irraa tahus amma daangaan cufamuu irraa kan ka’e rakkinichi akka itti hammaatu taasisuu dubbatu. Namootni BBC’f yaada isaanii kennan mootummaan Eertiraa biyya keessaa fi alaa deeggarsa walitti qabaa waan tureef deeggarsa nuuf taasisuu danda’a abdii jedhus akka qaban himan.
Namootni BBC’f yaada isaanii kennan mootummaan Eertiraa biyya keessaa fi alaa deeggarsa walitti qabaa waan tureef deeggarsa nuuf taasisuu danda’a abdii jedhus akka qaban himan. Gama biraan ammoo deeggarsi walitti qabamaa ture maal irra akka oolaa jiru uummataaf hin ibsamu jechuun komatu. Maatiin biyya alaa irraa maallaqni ergameef ammoo dhaabbilee daddabarsa maallaqaa Hawalaa irraa bilbilameefii maallaqni isiniif ergame gaheera gaafa sochiin ummataa eeyyamamu fudhattu akka jedhaman himu. Kunis fedhii amma qaban guuttachuufi waan barbaadan bitachuuf rakkoo akka itti tahe dubbatan. Bakkeewwan tokko tokkotti ammoo bulchitootni naannichaa qonnaan bultoota irraa midhaan walitti qabuun namoota vaayirasichaan miidhamaniif deeggarsa akka taasisaa jiran dubbatu namootni BBC’n dubbise. Eertiraan daangaa ishee cuftee lammiileen ishees manuma akka turan erga murteessitee amma ji’ootni sadii darbaniiru. Magaalota keessatti ammo humnootni nageenyaa sochii uummataa cimsanii akka to’achaa jiran jiraattotni dubbisne himaniiru.
Koronaavaayirasii: Wallagga Bahaatti manguddoon ganna 85 Covid-19n du'an Wallagga Bahaatti manguddoon ganna 85 koroonaavaayirasiin qabamanii magaalaa Finfinneetti yaalamaa turan du'aan boqatan. Itti Gaafatamaan Waajjira Eegumsa Fayyaa Godina Wallagga Bahaa Obbo Sonaan Dassaaleny akka jedhanitti duuti manguddoo kanaa kalleessa maatii isaaniitti himame. Koroonaavaayirasiin qabamuun isaanii erga mirkanaa'ee torbanoota lamaaf yaalii irra akka turanis himaniiru. Manguddoon kun jalqaba dhibee dhiibbaa dhiigaa waan qabaniif yaaliif gara kilinika aanaa Diggaa magaalaa Arjoo Guddattuu deeman. Kilinikichis dhukkubni isaanii itti cimuu himuun gara hospitaalaa riferaalaa Naqamteetti erga. Achitti osoo yaalii irra jiranii yommuu qorataman dhibee kanaan qabamuun isaanii hin mirkanoofne. Haa tahu malee dhukkubni isaanii 'istirookii' tahuun yommuu mirknaa'u yaaliif gara magaalaa Finfinneetti ergaman. Erga magaalaa Finfinnee gahanii yeroo qorannoon gaggeeffamuuf koroonaavaayirasiin qabamuun isaanii mirkanaa'a. Yeroo kana namoonni isaan waliin tutuqqaa qaban akka adda bahan tahee maatii fi ogeesonni fayyaa hospitaala riferaalaa Naqamtee fi kilinika magaalaa Arjoo Guddattuu bakka duraan deeman keessa hojjetan 22 adda baafamuun bakka kanaaf yuunivarsiitiin Wallaggaa qopheesse keessa galfamaan. Hunda isaaniif si'a lama qorannoon taasifameefi hunda isaanii irratti vaayirasichi waan hin argamneef gorsa ogeessaan gara mana isaaniitti akka deebi'an taasifamuu Obbo Sonaan Dassaleny BBCtti himaniiru. Manguddoon amma lubbuun isaanii darbe ammoo dhukkuba duraan qaban waliin dandamachuuf akka itti cimes himaniiru. Yaalii isaan dhukkuba isaanii istirookii irraa akka fayyaniif yeroo wal fakkaataatti fudhataa turan qaama isaanii irra miidhaa gahuun akka salphaatti boqatan gochuus hin oolle jedhan. Dabalataan yuunvarsiitiin Wallaggaa fi giduugala qorannoo koroonaavaayirasii magalaa Naqamatee jiru waliin tahuun wajjirri fayyaa godinichaa namoota aanaa Diggaa naannoo manguddoon kun jiraatan keessa jiran baay'eef qorannoon taasifamee bilisa tahuun isaanii mirkanaa'uu Obbo Sonaan himaniiru.
Dabalataan yuunvarsiitiin Wallaggaa fi giduugala qorannoo koroonaavaayirasii magalaa Naqamatee jiru waliin tahuun wajjirri fayyaa godinichaa namoota aanaa Diggaa naannoo manguddoon kun jiraatan keessa jiran baay'eef qorannoon taasifamee bilisa tahuun isaanii mirkanaa'uu Obbo Sonaan himaniiru.
Koronaavaayiras: Itoophiyaatti hanga harr'aa namoota 197, 361 Covid-19f qorataman keessaa namoota 3,759 irratti argameera Erga koronaavaayirasiin Itoophiyaa keessatti mul'atee biyyattiin namoota 197,361qorattee dhibeen 3,759 irratti argamuu mirkaneessiteetti. Kan har'aa tokko dabalatee namoonni walumaagala biyyattii keessatti dhibee Covid-19n lubbuun isaanii darban ammoo 63 qaqqabeera. Sababii Covid-19 hawaasa keessa galeef lakkoofsi namoota vaayirasiin kun irratti argamuu guyyaa guyyaan garmalee dabalaa jiraachuu Minisiteerri Fayyaa Itoophiyaa beeksiiseera. Wixata Waxabajji 17, 2020 saamuuda namoota 5, 274 sa'aatii 24 keessatti qoratameen namoota 129 irraa vaayirasiichi argamera. Itoophiyaatti kanneen har'a dandamatan 111 dabalatee walumaa galatti namoonni 849 ammoo vaayirasicharraa dandamataniiru. Kanneen har'a qabamuunsaanii mirknaa'e keessaa 81 magaalaa Finfinnee, sagal Oromiyaa, afur Somaalee, afur Kibba, sadi Amaaraa, sadi Tigraay, sadi Affaar fi lama Hararii irraati. Namoota walumaa galatti biyyattii keessatti koronaavaayirasiin irratti argame 3,759 keessaa 2,743 Finfinneerraa ta'uun isaa ammoo magaalattiin giddu-gala dhibeen kun itti hammaate ta'uu ishee agarsiisa. Kana jechuun ammoo namoonni Itoophiyaatti hanga ammaatti koronaavaayirasiin irratti argame keessaa %73 ol kan ta'u Finfinnee keessatti ta'uu isaati. Naannoo Oromiyaatti ammoo qorannoo waliigalaa hanga har'aatti taasifameen namoota 211 irratti koronaavaayirasiin argamuun gabaasni Biiroo Fayyaa Oromiyaa ni mul'isa. Oromiyaatti namoonni dhibee Covid-19n darbe 7 ta'eera. "Itti aansee vaayirasichaan qabamuu kan danda'u anadha, nuhi ykn nama jaalannu ta'uu akka danda'au hubachuun yeroo kamuu caalaa of eeggannoo barbaachisu hunda haa taasifnu,'' jechuun Ministeerri Fayyaa ergaa isaa dhaammateera.
"Itti aansee vaayirasichaan qabamuu kan danda'u anadha, nuhi ykn nama jaalannu ta'uu akka danda'au hubachuun yeroo kamuu caalaa of eeggannoo barbaachisu hunda haa taasifnu,'' jechuun Ministeerri Fayyaa ergaa isaa dhaammateera. Yeroo ammaatti qorannoo gaggeefamuuf saamudni baayinaan qaamoolee hawaasaa irra caalaa vaayirasichaaf saaxilamtoota ta'an, dhaabbilee fayyaa, namoota kan vaayirasichaan qabame waliin tuttuqaa qabaniifi kanneen buufataawwan adda baafamanii keessa tursiifaman keessatti argaman irraa fudhatamuun kan qoratamu ta'u ibsameera. Gama biraatiin ammoo lakkoofsi oggeessoota fayyaa ittisa koronaavaayirasii kana keessatti adda durummaan hiriiran dhibee kanaan qabaman dabaluun yaaddoo ummuu isa Minitirri Fayyaa dubbachuunshee ni yaadatama.
Waa'ee atakaaroo naannoo Tigraayii fi gaaffilee biroorratti deebii MM Abiy Guyyaa har'aa Yaa'ii addaa 5ffaa Manni maree Bakka Bu'oota Uummataa Itoophiyaa gaggeesserratti gaaffilee miseensonni mana marichaa dhimmoota adda addaa irratti kaasaniif MM Abiy Ahmad deebii kennaniiru. Gaaffileen bu’uuraa kanneen weerara koronaavaayirasiin walqabatan, akkasumas dhimmi filannoo, hidha haaromsaa, atakaaroo mootummaa federaalaa fi naannoo Tigraay, gabaasa Amnastii Intarnaashinaal dhiyeenya kana baaserratti ejjennoo mootummaa fi qophii qonnaaf taasifamaa jirurratti kan xiyyeeffatan turan. MM Abiy Ahmad maal deebisan? Wayita weerara koronaavaayirasii kanatti kufaatii diinagdee fi beela hamaa mudachuu malu jalaa ba’uuf mootummaan hojii misooma jal’isiirratti xiyyeeffatee haa jiraatuyyuu malee haroowwan bu’uura ta’an kanneen akka Xaanaa fi Baatuu haramaa imboociitiin badaa jiru. Karoora misooma itti fufiinsaa keessatti haroowwan gurguddoo akkanaaf xiyyeeffannaan kennameeru maali? MM Abiy Ahmad gaaffii kanaaf deebii kennaniin waggaa tokko dura gara haroo Xaanaa deemanii daawwachuun haala jiru ilaaluusaanii kan yaadachiisan MM Abiy Ahmad rakkoo haramaa imboocii qolachuuf tokkoffaa harkaa fi maashiniidhaan qulqulleessuudhaan furmaata yeroo fiduudha jedhan. Inni ijoon garuu eegumsa naannoo cimsuun furmaata waaraa fiduudha jedhan. Haroon Xaanaa akka imboociidhaan liqimfamuuf sababa guddaa kan ta’e gaarri Guunaa kan madda harochaa ta’e dhiqamuudha kan jedhan MM Abiy, naannoon sun yoo kunuufame rakkoo balaa uumamaa biroollee hambisuu danda’a jedhan. Kanaan dura maashiniin ittiin qulqulleessaa turre bu’aa waan hin buusneef maashina fooyya’aa kan birrii miiliyoona 200 baasu bituuf adeemsarra jirras jedhan. Dhiibbaa weerara koronaavaayirasiitiin filannoon biyyaalessaa marsaa ja’affaan yeroonsaa achi dheerachuurraa kan ka’e atakaaroon motummaa fi paartilee siyaasaa giduutti dhalateera.
Paartileen siyaasaa morkattoota ta’an mootummaan amma haangoorra jiru Fulbaana dhufu booda yeroon turtii aangoosaa ni hobba’a jechuun mootummaan ce’umsaa akka hundaa’u barbaadu. Gama biraan ammoo mootummaan naannoo Tigraay filannoo yeroosaatti gaggeessuun ejjennoosaa ta’uu ibsaa jira. Dhimmoota kanneen seera qabsiisuuf kallattiin akka mootummaatti jiru maali? Erga weerarri koronaavaayirasii filannoo gaggeessuuf sodaachisee as Dura Teessuu Boordii Filannoo Biyyaalessaa Aadde Birtukaan Miidhaksaa waliin marii akkaan jabaa gaggeessineeti murtee kanarra kan ga’ame kan jedhan MM Abiy, ''nuti battala tokkoofillee filannoon akka darbu feenee hin beeknu'' jechuun gaaffii kana deebisan. ‘’Paartiin badhaadhinaa paartii filannoo sodaatu akka hin taane hunduu ni beeka’’ Ministirri Muummee Abiy filannoo yeroosaatti gaggeessuun akka hin danda’amne erga mirkanaa’ee booda yeroo turtii motummaa dheeressuuf filannoowwan dhiyeessuu isaanii yaadachiisan. Mootummaan paartilee siyaasaaf dirree siyaasaa bal’isee osoo jiruu paartileen siyaasaa morkattootaa tokko tokko karaa kiyya qofatu sirriidha jechuun uummata burjaajessaa, uummanni mootummaa akka jibbu gochaa, gama biraan ammoo humnoota alaa waliin ta’uun dantaa biyyattii dabarsanii diinaaf kennaa jiru. Fakkeenyaf Hidhi Haaromsaa Guddicha Itoophiyaaf bishaan akka hin guutamne Masirii waliin ta’uun gufuu itti ta’aa jiru. Gama kaaniin tibbana dhaabbati Amnistii Intarnaashinaal mootummaan Itoophiyaa mirga lammiilee nagaa sarbeera jechuun gabaasa baasee ture. Kanneen irratti ejjennon mootummaa maali? Ministirri Muummee Itoophiyaa Abiy Ahmad dhimma kanarratti wayita yaada kennan akka ''barmaataa ta’ee uummanni Itoophiyaa mootummaa isa hiraarsu malee kan walabummaa kennuuf hin barre'' jedhan. Bulchiinsi isaanii walabummaa yaadaa fi mirga ofii bilisaan ibsachuu akka lammiilee Itoophiyaaf gumaaches ibsan.
Mootummaan garuu doorsisaa fi aggaammiin qaama kamiinuu kan kufuu fi kanaafis kan bakka kennu miti jedhan. Gabaasa Amnastii Intarnaashinaaliin walqabatee waan surratu yoo jiraate ilaalaa garuu waan gabaasi ba’eef qofa wanti nu yaaddessu hin jiru jedhan. Qaamni gabaasa sana seenesse rakkoo mataasaa qabaachuu danda’as jedhan. Dhimma Tigraay irratti yaada kan kennan MM Abiy uummata Tigraay uummata Itoophiyaa biroorraa adda baasnee hin ilaallu jedhan. Waanti dogoggoruu hin qabne Paartii TPLF fi uummata tokko godhanii ilaaluudha jedhan. Yeroo baay’ee paartiin badhaadhinaa fi TPLF yoo walitti mufatan akka waan uummata Tigraay waliin ta’eetti fudhachuun sirrii miti. ‘’Naannoo Tigraay guutummaatti farrajuun dogoggora’’ ‘’Naannoo tigraay keessa kanneen guddina lammiilee Itoophiyaa fedhan, Itoophiyaa kan jaal’atan kumaan kan lakkaa’aman jiru’’ TPLF’s yoo ta’e paartii guddaa miseensota hedduu qabu waan ta’eef hooggansa olaanaarraa hanga miseensaatti hunduu badii qaba jennee hin amannu. Misoomaa fi bilisummaa Itoophiyaaf kanneen qaama hir’atan hedduutu jiru. Harkaa nyaannee dhugneerra. Kabajatu isaaniif ta’a. Hooggansi naannochaa mataansaa misoomaa fi nageenya Itoophiyaa kan fedhaniidha. Kana jechuun kanneen badii qaban, maqaa namaa balleessanii fi nama arrabsan hin jiran jechuu miti kan jedhan MM Abiy garuummoo walitti qabaatti maqaa Naannoo Tigraay xureessuun sirrii miti jedhan. Uummanni Tigraay miiliyoonaan kan lakkaa’amuuf yaada nama tokko lamaan kan bakka buufamuu qabu miti jedhan MM Abiy. MM Abiy Ahmad isa miseensi paarlaamaa tokko Naannoon Tigraay jijjiirama biyyattii keessatti eegalame booda miidhameera jedhuuf, yaadumati akkanaa ka’uutti baayyeen gadda jedhan. ‘’Wayitan gara aanngootti dhufu bajati naannoo Tigraay naannoo birrii biiliyoona torbaa turre. Amma baajati kun biiliyoona 10 caaleera. Baajati naannoo Tigraay harka 42n guddate. Jijjiirami kun naannoo Tigraayis fayyadeera.
Jijjiirami kun naannoo Tigraayis fayyadeera. Bajati sun eessa dhaqe kan jedhu mana maree naannochaafan dhiisa.’’ Erguma weerara koronaavaayirasii as meeshaaleen of eeggannoo fi maallaqi birrii biiliyoona 46tti tilmaamamu naannoo Tigraayis kennameera jedhan. Kun ta’ee osoo jiruu tibba weerara koronaavaayirasii naannoon Tigraay dagatameera jedhanii odeessuun qaaniidha jedhan. ''Naannoo Tigraay naannolee biroo caalaa deggerre'' Kan biraa xaa’oo waliin walqabatee atakaaroo uumamaa jiruudha kan jedhan MM Abiy ‘’Asirratti mootummaan naannoo Tigraay fi Uummattoota Kibbaa rakkoo qabu, gatii xaa’oo ofirraa kaffaluu didaniiru’’ jedhan. Bara kana sababa idaa naannoo Tigraayiif jecha silaa kan xaa’oo dhufuu hafu mootummaan federaalaa birrii miiliyoona 445 liqeeffatee xaa’oo galcheera jedhan. Tumsi akkasii naannolee biroof osoo Kibbaa fi Tigraay qofaaf godhamee osoo jiruu komii kaasuun nama taajjabsiisa jedhan. Gama biraatiin pirojektiin bishaanii Maqalee kan birrii biiliyoona sagalii oliin hojjechuuf mootummaa Chaayinaa waliin waliif mallatteessine mootummaan maallaqa yoo kaffalame hin eegallu waan jedhaniif birrii biiliyoona 1.3 kaffallee eegalsiifne. Pirojektii bishaan maqalee magaalota biroo 5 kan dheebuu baasuu danda’uudha. Dubbichi akkuma hidha haaromsaarratti olola oofan naannoo Tigraay waliinis akka walitti buunu hojjetamaa jira jedhan MM Abiy.
Koroonaavaayiras: Pireezidantiin Keeniyaa Uhuruu Keeniyaataa ilmi isaa seera Covid-19 cabsuu beeksise Pirezdaantiin Keeniyaa Uhuruu Keeniyaataa ilmi isaa qajeelfama weerara koroonaavaayiras ittisuuf ba’e - kan galgala sa'aatii tokko booda akka namni hin sochoone dhorku cabsuu isaa beeksiseera. Gaaffiifi deebii miidiyaa biyya keessaa irratti godhaniin pireezidantichi ijoollee isaa lamaan keessaa inni tokko, isa kam akka ta’e adda hin baafne, dhiyeenya magaalaa Mombaasaa, bakka weerarri kun itti bayyatee jirutti, halkan bakka shubbisaa ykn paartii dhaquu isaa himeera. Keeniyaatti hedduminaan walitti qabamuun dhorkameera. Dabalataanis mootummaan, magaalota Naayiroobii, Mombaasaa fi magaaloota lama biroo keessaa bahuufi galuu dhorkee jira. Erga magaalaa Naayiroobii irraa galuufi bahuun dhorkametti haati warraa, harmee fi ilmi Pireezidaantichaa achuma magaalaa Mombaasaa keessa jiru. Keeniyaattaan ilmi isaa gocha isaa kanaan lubbuu akkoo isaa Niginaa Keeniyaataa yaaddoo keessa galchuu isaaf, akka itti dheekkame Keeniyaattaan dubbateera. ''Tole, ati baatee yeroo gaarii qabaatte. Akkoonkee ganna 80 dabarteetti. Yoo isheen waa taateewoo? Bu’aasaa waliin dandeessee jiraattaa? Kun hundi sababa jalalleekee arguu barbaaddeefii?” jechuun akka itti dheekkaman Uhuruun gaaffiifi deebii miidiyaa biyyatti waliin taasisan irratti dubbataniiru. Weerara koronaavayirasii injifachuuf waliin hojjachuufi itti gaafatamuummaa ofii ba’uun barbaachisaadha jechuun dubbataniiru. Pireezidant Uhuuruun qajeelfama to’annoo koronaavayirasii jalaa eenyuyyu hin hafus jedheera, ta’us garuu akka lammilee Keeniyaa qajeelfama kana cabsan biroo ilmi isaa wiirtuu adda baafamuutti geessuu dhiisuu isaaf qeeqameera. Keeniyaatti Roobii, namootni 123 irratti koronaavaayirasiin kan argame yoo ta’u, kunis lakkoofsa waliigalaa gara 1,471tti ol guddiseera.
Keeniyaatti Roobii, namootni 123 irratti koronaavaayirasiin kan argame yoo ta’u, kunis lakkoofsa waliigalaa gara 1,471tti ol guddiseera.
Koronaavaayiras: Kun 'jireenya sirrii' Covid-19 boodaa ta'ee hafuu malaa? Gochawwan pilaasitiika keessaan wal hammachuu, daree keessaafi alaa, akkasumas bashannanna fageenya eeggatee taasisuun malwwan namoonni tatamsa'ina Covid-19 hirriisuuf hojiirra olchan keessaa muraasa. Taateewwan suuraan deegaraman kunneenis jireenyi haaraan weerara koronaanaavaayirasiin booda addunyaarratti maal akka fakkaatu hanga tokko isniitti agarsiisa. Erga Covid-19 addunyaa mudatee as wantoota hedduun geedaramaa jira. Weerarri Covid-19 kunis addunyaarra bakka kamiyyu namoota jiraatan hundaa haala adda addaatiin dhiibbaa irraan gahee jira. Biyyoonni tokko tokkoos ugguura kaa'anii turan amma laaffiisuu eegalanilleen, mee suraalee jirenyi erga weera Covid-19n boodaa maal akka fakkaatu agariisuu kana dowwadhaa. Tarii haalli jireenya kunis yeroo dhufan muraasaaf kan itti fufuu ta'uu mala. Fageenya hawaassummaa eeggachaa manneen barnootaafi olmaa da'immanii deebiisanii banuun, barattootaafi barsiiftootaaf qormaata olaanaa ta'aa jira. Keessattuu biyyoota itti manneen barnootaa deebii'ee banamaa jiru keessatti, maatiiwwan ijoollee xixiqqoo qaban ammoo hunda caalaa attamiin ijoolleensaanii nagaan baratanii akka galuu danda'an irratti yaaddoo olaanaa keessa galaniiru. Fakkeenyaaf, Xaaliyaan magaalaa Iviriyaatti, attamiin manneen barnootaa erga ugguraatiin booda deebiifamanii haala itti banaman irratti akka yaaliitti qorannoo gaggeessuuf jecha olmaan daa'immanii lama banamaniiru. Tarii namoonni paarkiiwwan keessa bashannantanii beektaniif, wayita gara paarkootaa deemamuutti imalawwaniifi bashannana maatii duratti ture ni yaadattu ta'a. Amma garuu erga uggurichaatiin booda dowwannaaniifi turtiin paarkiiwwan keessaa adda ta'eera. Bakkeewwan xabannaa paarkiiwwan keessaa hedduun cufamaniiru.
Bakkeewwan magariisni deebiisanii banamanillee seerri fageenya eeggachuu akkuma hojiirra oleetti jira. Biyya Ameerikaa paarii Biruukleiin keessatti, namoonni bashannanaafi caama qanqaammachaa kan jiran geengoo margarratti tolfame keessatti qofaadha. Kunis namoonni walirraa fagaachuun akka turan gargaaruuf kan kaa'ameedha. Tibba ugguraatti namoonni baayyeen manaa hojjetaa turan. Heedduunis karaa viidiyootiin namoota waliin hojjetan waliin wal argaa hojiisaanii raawwataa turan. Haata'u malee, wayita dhimmoonni deebiisanii banamuu eegalaniitti bakkeewwan hojii deebiisee kan haala qabatamaa Covid-19 jiruun waliin deemuu taasifamu qabaata. Fakkeenyaaf, Afriikaa Kibaa Johaansbargiitti bakka calbaasiif itti dhiyaatuuf gurguramu keessatti haala asiin oliitti mullatuun pilaastikii wal nama agarsiisuufi rog-arfeen kaa'ameera. Haalli itti waa bitanniifi gurgurruus akkasuma geedarameera. Karaa onlaayiniitiin waa bitachuun baayyee kan dabale yoo ta'u, bakka qaamaan dhaquun barbaachisuutti ammoo supparmaarkettiiwwan hedduun fageenya eegsiisuuf namoota waa bitachuu dhaqan hiriira galchuun kaan seenee hanga bahuutti wayita dhaaban mullatu. Oggeessi uccuu hodhu kunis biyya Neezarlaandi Roterdaam keessatti ofi laaliitti fayyadamuun tatamsa'iina koronaavaayirasii irraa wayita ofi ittisu mullata. Harkasaa pilaastikaan haguugamee karaa qaawwaatiin dabarsuun uffanni maamila isaatiif sirriin akka ta'u sirreessaaf jira. Tarii hirriyyoota waliin bahanii manneen nyaataa keessatti wal affeeruun haala duraatiin deebi'ee kan dhufu ta'aa laataa? Fakkeenyaaf, akkuma suurarratti agartaniin, Taayilaandi Baankook keesstti namoonni minjaalawwan pilaastikaafi dahoodhaan adda qoodaman irratti nyaata soorataa jiru. Manneen nyaataa hedduunis kana kan tolchaniif akka namoonni tajaajilamuuf gara sana deeman walirraa fageenya eegsisuuf yaadamee kan hojiirra olfameedha.
Manneen nyaataa hedduunis kana kan tolchaniif akka namoonni tajaajilamuuf gara sana deeman walirraa fageenya eegsisuuf yaadamee kan hojiirra olfameedha. Tibba kana jireenyi waan addaa fakkatulleen, walitti dhufuun wantoota jaallannu kan akka muuziiqaatti gammadu hindandeenyu jechuu miti. Garuu haalli itti hirmaannu yeroof adda fakkaachu mala. Fakkeenyaaf kan suuraarratti agartan kunis konsartii muuziiqaa Kooriyaa Kibbaa Gooyaanyi keessa tureedha. Qophii konsartii muziiqaa wallistoonni bebbeekamoon irratti argamaniifi guyyoota sadiif gaggeefamee kanarrattis namoota hedduutu qooda fudhate. Garuu akka durii waltajjiirratti shubbisuun osoo hintaanee fageenyasaanii haaluma eeggataniin konkolaataa saanii keessa taa'uun qophicharratti hirmaatanii turan. Egaa erga weerarri Covid-19 addunyaa tanarratti mullateen asi waa hedduutuu geedaramuun haalli jireenya namootaas haaluma sanaan geedarame jira. Kun egaa haala jireenyaa haaraa itti fufuu ta'amoo, jireenyii durii sun kan dafee deebii'u ta'a laata? Waan walumaan ilaallu waan ta'uuf, jeenyaa nuuf haa kennuu jenna.
Koronaavaayiras: 'Dhibee hamaa biraa qabaadhus dhibee Covid-19 irraa bayyanadheera' Namoota dhukkubba biraa qabaniif koronaavaayirasiidhaan qabamuun yaaddoo guddaa uumuu danda'a. Ta'us garuu namoonni carraan saaxilamuu isaanii ol'aanaa ta'e yeroo koronaavaayirasirraa bayyanatanis ni jira jetti Biroonii Hoopkiins gaazexeessituu BBC kan taate. Wantan godhe yoo jiraate darbii/gulantaa ol bahuu qofa ture. Garuu akkuma harganuu dadhabeen onnee kiyyarratti dhiibbaan uumamun baree. Inni kun koronaavaayirasiidhaa? Mana kiyya keessaa, qaama keessa, somba kiyya keessa seeneera? Rakkoo fayyaa Dhibee Crohn jedhamu kan dhibee humna ittisa qaamaa miidhun qaba. Kana jechuun sirna bullaa'ina nyaataa ofiisaatiin miidhaa ofirratti kan geessisu jechuudha. Dhibeen dandeettii qaamni dhukkuba ofirraa ittisuu hanga barbaadamuun ol uumamee miidhaa waan qaqqabsiisuuf qoricha isa gadi deebisuun tasgabbeessun fayyadama. Yeroo jalqaba mallattooleen koronaavaayiras ibsaman - bowwoo mataa, dadhabuu- inni kun miirri gaariin akka natti dhagahamu hin goone. Dhukkuba hin fayyine qabda taanaan sodaadhaan jiraatta. Rakkoo hukkubbii diina kiyyaaf hin hawwine keessa darbeera. Ho'inni qaamaa kiyya baay'ee dabalee ture. Hospitaala galuufii? Veentileetarri na barbaachisaa? Du'uuf ta'aa? Carraa qorannoon taasisuu waan hin qabneef haakimni Covid-19 ta'uu akka danda'u natti hime. Haalli keessa jiru natti hammaata taanan mana yaalaa akka deemu natti himame. Haalli kiyya garuu fooyyee agarsiise. Humni ittisni qaama kiyyaa hojii gaarii hojjate. Ana qofa miti seenaa akkanaa kan qabu. Namoonni biroo dhukkubbichaaf saaxilamoodha jedhaman bayyanataniiru. Kadijjaan ganna 25 yoo taatu, daa'imummaasheerraa dhukkubba sukkaaraa (diabetes) qabdi.
"Koronaavaayirasiidhaaf nama baayyee saaxilamuu malu akkan ta'e ergan beeke booda baay'ee sodaadhe," jetti. Baay'een sodaadhee ture. Kadijjaan haadhashee narsii dhukkubsattoota Covid-19 yaaltu waliin jiraatti. Torbee afur booda mallattoolee vaayirasichaa agarsiisuu jalqabde. Ho'i qaamaashee dabaluu, harganuuf rakkachuu mul'isaa turte. "Yeroo jalqabaa mallattoo agarsiisuu jalqabu san baay'ee sodaa keessan ture. Humni ittisa dhibee qaama kiyyaa hagas hunda jabaa hin turre. "Oduuwwan dhagahu hundi waa'ee nama du'ee malee bayyanatuu hin odeessan ture. Akkuma hospitaala seeneen lubbuudhaan hin deebi'u jedheen yaada ture." Torbee muraasa booda Kadijjaan Covid-19 irraa bayyanattee jirti. Fireeyaan ganna 37 yoo taatu, dhukkuba asmiidhaan waggoota hedduuf jiraatteetti. Qorichi Isteeroyidii dhukkuba asmiidhaaf fudhattu humna ittisa qaamaa ni hir'asa waan ta'eef vaayirasichaaf saaxilamoo si taasisu. Uggura dura Fireeyaan sodaa qabdi turti. Oduun namoonni hedduu vaayirasichaan qabamuu erga dhageessee booda garuu sodaan ishee haalan dabale. "Sodaa asiin dura na mudatee hin beekne keessa seene," jetti. "Keessa kiyyatti nageenyi waan natti dhagahamuuf uggurri na hin yaachisne ture." Torbee lamaan booda hargansuuf rakkachuuniifi dadhabbiin itti dhagahame. Haakimashee bira deemtee erga ilaalmtee booda namootarraa adda of baasuu akka qabdu itti himame. "Baay'een qufa'aa ture, harganuufis rakkataan ture waan ta'eefi jaalalleen kiyya ambulaansii bilbilee waame." Fireeyaan sa'aatii shaniif hospitaala turtus qorannoo Covid-19 hin taasisne. Mallattoonshee torbee lamaaf itti fufuunis suuta suutaan bayyanateetti. "Guyyoota muraasa dura turtii ji'oota lamaa booda manaa baheera, miiraa gaarii qaba ture!"
"Guyyoota muraasa dura turtii ji'oota lamaa booda manaa baheera, miiraa gaarii qaba ture!" Joo'ee Daansteer dhukkuba kalee qaba. Bara 2000 jijjiirraan kalee taasifameefii ture. Innis qoricha humna ittisa dhibee gad buusan fayyadama. Yeroo mallattoo Covid-19 jalqaba mul'ate sana mana keessa turuu jalqabe. Mana keessa turuun garuu mallattoo dhukkubbichaa mul'isuurraa isa hin hambisne. Innis ammoo dhukkubbicha haadha warraa haakima taateerraa isa qabuu akka hin oollee shakka. Haati warraasaas dhukkubsachuu jalqabdee turte. "Nu lachuu onnee keenyarratti dhiibbaa uumameen rakkachuu jalqabne. Turtiin booda qufa'uu jalqabe." Joo'ee ho'i qaamasaa dabaluu jalqabnaan mallattooleen inni qabu hundi dhukkubba Covid-19n qabamuusaa mul'isan. "Guyyaa itti aanu dhukkubbiini natti dhagahame. Guyyoota 10'f qufaan qaba ture. Adadumaan inniifi haati warraasaa garuu dhibee kanarraa bayyanachuu danda'aniiru.
Yeroo weerara koronaavaayiras kanatti Ingilaanditti poolisoota irratti hancufa tufuun ‘yaaddoo’ uume Inglaanditti sababa koronaavayirasiin yeroo sochiin uggurametti poolisota irratti hancufa tufuun tarii haleellaa hojjetoota yeroo muddamaa irratti ga’aa jiru waliin wal qabata jedhu anga’oonni. Gabaasii Kaawunsilii Hoggantoota Poolisii Biyyaalessa (NPCC) kan Inglaandifi Weelsi akka agarsiisutti, haleellaan kan waggaa darbeen yoo madaalamu ji’a tokko keessatti %14’n dabaleera. Qondaalli poolisiin tokko haleellaan akkanaa wayiiloota isaa hojiif gadi ba’anitti ‘yaaddoo guddaa’ akka uume dubbata. Akka NPCC jedhutti haleellaan akka kanaa kan baayyate shakkamtoonni yeroo poolisoota irratti tufanitti ''Covid-19 qaba jechuun dubbachaadha.” Haleellaa koronaavaayirasiin wal qabatee hojjetoota yeroo muddamaa irra ga’een Ebla keessa namoota 300 ol irratti himanni banameera. Qoondalli poolisii Notingamshaayer Antonii Biraayis, shakkamaa to’annoo jala olchuuf yeroo jedhanitti namni kun isaafi waayila isaa irratti akka tufe dubbata. Boodarra Biraayis qorannoon akka Covid-19 hin qabne adda baafamus, yeroo bu’aa qorannoo eegaa turetti innifi maatiin isaa “hedduu yaadda’aa’ akka turan hima. ''Yeroo hunda yaddoon jira sammuu kee keessa,” jedha. “Keessumaa yeroo jequmsi wayii hawaasa keessatti uumamu namoota qaqqabuunkee hin oolu.” Dabalataan haleellaan biyyaaleessa dabaluun isaa akka ‘isa hin ajaa’ibne’ kan dubbatu Biraayis kun sababa ‘sochii ugguruun namootni heedduu obsa dhabaa’ waan jiraniifi jedha. Namni poolisoota irratti tufe, Daani’eel Hagertii, ganna 32, gocha isaa kanaaf hidhaan torban 32 irratti murtaa’eera. Haleellaa akkanaa qondaaltoonni poolisii gameessa balaaleeffataniiru. ''Poolisoota ykn hojjattoota yeroo muddamaa irratti, tufuun, qufa’uun ykn ciniinuun yeroo kamittuu waan badaadha.
''Poolisoota ykn hojjattoota yeroo muddamaa irratti, tufuun, qufa’uun ykn ciniinuun yeroo kamittuu waan badaadha. Garuu amma yeroo koronaavayirasiitti kana gochuun ammoo hammeenya,” jechuun hogganaan Poolisii Tames Vaalii Joon Kambeell duubbataniiru. Humni poolisii qondaaltoota poolisii hundaaf meeshalee of eeggannoo dabalataa kana akka waan hancufa namarraa ittisu akka dhiyaate ibseera.
Xalayaa Afrikaa irraa: Koronaavaayirasiin kufaatii hogganoota haaraa Sudaan saaxile Mootummaan haarofti Sudaan erga pireezidantiin biyyattii Omar al-Bashir aangoorraa bu'ee booda hoggansatti dhufe yeroo weeraraa kana hoggansa barbaadamuu kennuu irratti kufeera jetti gaazexeessituun Sudaan Zayinab Mohaammad Saalii. Bitootessa darbe wayita koronaavaayirasiin Awurooppaa fi Ameerikaatti dabalaa ture, ministirri fayyaa Sudaan Akiraam al-Tom "Omar al-Bashir ofirraa fonqolchuu warri dandeenye, akkamitti koronaavaayirasii xiqqoo kana to'achuu dadhabna?" jedhee ture. Sudaan ammaan tana biyyoota Baha Afrikaa keessaa nama vaayirasichaan qabame (2000 ol) fi kan du'e (100 kan ta'u) hedduu qabaachuun dursaa jirti. Namoonnii gaaffii ministirri fayyaa biyyattii kana gaafatan heddummataa jiru. Haa ta'u malee ministirichi miidiyaa lagachuu erga eegalanii bubbulaniiru. Ministeerri Fayyaa biyyattii ibsa miidiyaaleef kennu mara sababa - fageenya eeggachuu jedhu hojiirra oolchuuf jedhee haqeera - maaliif 'online' gochuu akka dadhaban hin himne. MM Sudaan Abdallaa Hamdook Bitootessa darbe wayita reeffa ministira ittisaa biyyattii Gamaal Omar, kan tasa Sudaan Kibbaatti du'e simachuuf ministiroota kaan waliin buufata xiyyaaraa magaalaa Kaartumitti argaman, waa'ee fageenya eeggachu qubayyuu waan qaban hin fakkaatu ture. Qe'ee warra du'aattis fageenya eeggachuun hin turre, kun ollaa sanatti yaaddoo uumee ture. Ministirri Fayyaa biyyattii Toom yeroo yeroon TV irratti ni mul'atu garuu as bahanii lakkoofsa namoota qabamaniifi vaayirasichaan du'an himuu qofa. Aanga'oonni miidiyaatti hin dubbatan, gaazexaawwan biyyattii hedduun ammoo sababa sochiin uggurameef maxxansa dhaabaniiru, kanaaf oduun hin jiru. Kan jirus intarneetii qofarra jira.
Kana jechuun lammileen Sudaan hedduun waan ta'aa jiru quba hin qabani jechuudha. Kuni ammoo namootni hedduun amanamummaa mootummaa biyyattii kan jeneraalota waraanaa fi namoota kaan muraasa irraa ijaarame irratti gaaffii akka kaasan taasisaa jira. Ji'a kana jalqabarraa kutaa biyyattii Kasalaa keessatti walitti bu'iinsa sabaa uumameen namni 10 du'uu hordofuun intarneetiin cufamee ture. Intarneetiin walitti bu'iinsi sun akka hin hammaanne cufamullee, mootummaan kunis akkuma mootummaa duraa san miidiyaa uggura yaaddoo jedhu uumeera. Qondaalonni nageenyaa biyyattii ammalee dhageettii jabaa qabu, ta'us mirga namoomaa fi diimokiraasiif dantaan qaban laafaadha. Sadarkaa biyyaatti uggurri sochii Eebla erga jalqabee as poolisoonni nama reebu, doktorootas hidhaniiru - hogganaa hospitaala haadholii guddicha Sudaan dabalatee. Doktoroonni hedduun wayita gara hojii deeman ture kan hidhaman, hayyama imaluu qabatanii kan deeman ta'uun poolisiin to'atamuu isaan hin oolchine. Booda jiddu seentummaa ministeera fayyaatiin gadi dhiifamaniiru. Namoonni hedduun vaayirasicha Sudaan kan galche baqattoota Sudaan Bitootessa keessa Masrii fi Emireetota Arabaa Gamtooman (UAE) irraa deebi'an akka ta'an amanu. Mootummaan jiddugala adda baasanii tursiisuutti isaan galchus hedduun isaanii miliqanii bahan, kunis achi keessa haalli mijataan waan hin turreefi. Gama biraan barattoonni Sudaan magaalaa Chaayinaa Wuhaan irraa deebi'an wayita mootummaan adda isaan baasee tursiisuuf jedhu waan mormaniif akkanumaan maatitti akka dabalaman hayyamameef. Kuni dadhabbina mootummaa kan mul'ise ture jedhu namootni hedduun. Kaartuum keessatti namoonni hedduun keessaahuu manguddootni dhukkuboota addaa addaan du'aa jiru, kunis sababa buufataaleen fayyaa akkasumas hospitaalonni weerara koronaavayirasii hordofuun cufamaniifi. Hakimootni heddiin meeshaa of eeggannoo gahaa dhabuun hojii hojjechuu didan.
Hakimootni heddiin meeshaa of eeggannoo gahaa dhabuun hojii hojjechuu didan. Ministeerri Fayyaa torbee lama dura jiddugalawwan yaala fayyaa 30 ol cufamanii turan banamuu himullee gariin ammayyuu cufaa jiru. Magaalaa Kaartuum kan uummata hanga milyoona 10 qabdu keessatti mootummaan hospitaalota lama jiddugala yaala koronaavaayirasii godhee qopheesse. Sudaan gaaga'ama fayyaa qofa osoo hin gaaga'ami diinagdeellee mudateera. Qaala'insi jireenyaa dhibbeentaa 100 gahee, lammileen biyyattii miliyoonaan lakkaa'amanitti jireenyi daran itti ulfaateera. Duraanuu rakkoo jiru irratti uggurri sochii labsame nama hedduu galii malee hambise. MM biyyattiis ta'e Ministirri Diingadee deeggarsa kennuun haa hafuuti al tokkollee gadi baahanii lammilee kanneen jajjabeessanii hin beekan. Kana namooti hedduun akka kufaatii hoggansaatti ilaalu - namoota warraaqsa al-Bashir fonqolche booda aangootti bahanii namni hedduun abdii irraa qaburraas wanti eegan akkana hin turre.
Kalaqaa fi Covid-19: 'Koronaavaayirasiin hojiilee kalaqaa hedduu akkan yaadu na kakaase,'' dargaggoo Obsaa Muktaar Magaalaa Adaamaatti barumsa sadarkaa tokkoffaa kan baratu Obsaa Muktaar, hojiiwwan kalaqaa gulantaa barumsa inni irra jiru oltahan hojjechuudhaan mana barumsa isaatti beekama. Yeroo barumsaatiin alattis meeshaalee elektirooniksii mana namootaa deemee suphuudhaan galii argata. Erga dhibeen Koronaavaayirasii Itoophiyaatti argameeyis kalaqoota adda addaa kan dhukkubicha qolachuuf gargaaran hojjechuurratti argama. "Dhibeen kuni akkuma gara biyyaa seeneen ani maalin hojjechuu dandaha jedheen yaade. Karaa ittiin daddarbu ittisuuf waan gargaaranin hojjechuu jalqabe. Dhukkubni kuni kalaqoota haaraa akkan yaaduuf nagargaareera" jedha. Barataa Obsaan hojiiwwan kalaqaa hojjete keessaa muraasa BBC'tti himeera. Kalaqoota Obsaan hojjete keessaa meeshaan naannoo ciqilee harkaa irratti hidhamuu fi namni tokko osoo hin yaadin yoo harka isaa gara fuulaatti dhiheessu kirkiru (Vibrate) ta'uudhaan akka fuula hin tuqne yaadachiisudha. Kalaqni kuni namni dagannaadhaan fuula isaa akka hin tuqnee fi vaayirasicha gara afaanii fi funyaanii akkasumas ijaatti hin geessine waan yaadachiisuuf carraa qabamuu namaa hir'isa jedha obsaan. Hojii kalaqaa biroo kan ta'e guwaantiin Elektiroonikii kuni guwaantiiwwan biroo irraa adda kan ta'uu hima. "Guwaantiin kuni meeshaalee elektirononiksii keessa isaatii kanqabu yoo ta'u,keebiloota keessa isaatti diriiraniin hoo'insa kan madisiisudha. Yeroo nuti guwaantii Kanaan sibiilota tuqnu hoo'ina hanga digirii seentiggireedii 50 gadhiisuun baakteeriyaa fi vaayirasoota kan ajjeesudha," jedha. Hoo'insi kuni kan gadhiifamu battala harkaan waa tuqnetti qofa waan ta'eef qaama namaa irratti hoo'ina muraasaan alatti dhiibbaa kan fidu mitis jedha Obsaan.
Hoo'insi kuni kan gadhiifamu battala harkaan waa tuqnetti qofa waan ta'eef qaama namaa irratti hoo'ina muraasaan alatti dhiibbaa kan fidu mitis jedha Obsaan. Maaskiin kunis motora kan qabuu fi qabattoo irratti hidhachuudhaan ujummoodhaan haguuggii fuula irra jiru wajjin walqunnama. Motorri maaskii kanarratti hojjetame chaarjiidhaan kan hojjetuufi keessa isattis meeshaalee qilleensa calalan kan qabu yoo ta'u qilleensa calalame gara funyaanii fi afaaniitti kan dabarsuudha. Haguugggiin kuni ogeessota yaalaa fi buufataalee xiyyaaraatti yoo hojiirra oole daran fayidaa kennuu dandahas jedha Obsaan. Hojiiwwan kalaqaa armaan olitti eeraman kanaan alattis meeshaalee akka Roobootii fi jeneretara sagalee fi aara hin qabne hojjechuunis dandeettisaa mul'isaa jira. Barataa Kutaa 7 kan ta'e obsaan, Yunvarsiitiin Saayinsii fi Teeknolojii Adaamaa fi manni Barumsa Naafyaad hojiiwwan kalaqaa kanneen akka cimsuuf kanneen isa deegggaran ta'uu hima. Kalaqoota dhibee koronaavaayirasii kana ittisuuf gargaaran kanneen hojjetus gara gabaatti baasuuf garuu rakkachuu hima Obsaan. "Hojiiwwan kalaqaa kiyya kana balinaan omishee gabaatti baasuuf humna nama gaafata. Ispoonsara barbaadaan jira. Hanga ammaatti garuu hin arganne.osoo nama nadeeggaru argadhee kalaqoonni kuni hawaasaf bu'aa guddaa buusu" jedha.
Koronaavaayiras: Qorichi busaa dhibee Covid-19 wallaanuuf akka gargaaru baruuf UKtti yaaliin jalqabame Qorichooti busaa lama dhibee Covid-19 ittisuuf fayyada yoo ta’e ilaaluuf yaaliin Biraayteniifi Oksifoorditti eegaleera. Qorichooti Kilooroquwiiniifi haydirookilooquwiin hojjatoota fayyaa 40,000 Awurooppaa, Afrikaa, Eeshiyaafi Ameerikaa kibbaa jiraniif ni kennama. Namootni yaalii kanaratti hirmaatan hundi hojjatoota fayyaa dhukkubsattoota Covid-19 waliin qunnamtii qabaniif kennama. Torban kana keessa Pireezdaantiin US Donaald Tiraamp akeekkachiisa rakkoo uumuu danda’a jadhamu dhiisuun Kilooroquwiinii fudhaachaa akka jiru erga beeksisee qeeqameera. Hirmaattoonni yaalii kanaa UK ji’oota sadiif haydirookilooroquwiin ni keennamaaf. Hirmaatoota Eeshiyaafis Kilooroquwiin ni kennamaaf. Wiirtuuwwan 25 UK keessatti kan gaggeefamu yaaliin kun bu’aan isaa dhuma waggaa kanaatti ni argama jedhamee yaadama. Yaaliin kun namoota dhukkuubsatoota Covid-19 kunuunsa kamiifu banaadha, garuu namootni kun Covid-19 hubaman ta’uu hin qaban. Yaaliin kun qoriichooti kun hojjeetota fayyaa vaayirasichaaf saxilaamoo ta’an irraa koronaavaayirasii ittisuu danda’ama yoo ta’e kan ilaaludha. ‘Bu’aa ykn miidhaa’ Kanneen qorannoo kana hogganaan keessaa tokko Yunvaarsitii Oksifoord irraa Piroofesar Nikoolas Waayit, “Kilooroquwiin ykn haydirookilooquwiin Covid-19 ittisuuf bu’aa ykn dhibbaa qabatee hin beeknu,” jedhu. Garuu yaaliin to’atamaa akkanaa kan qorattoonnis ta’e hirmattonni eenyu qorichoota kana akka fudhanne kan hin beekne, bu’aa isaa baruuf mala gaariidha. “Talaalliin bu’aa qabeessa, miidhaa hin uumneefi salphaatti argamu yeroo dheeraaf waan dhufu miti,” jedhu qoronnoo kan kan dursan Pirofesar Maartin Liwelin.
“Talaalliin bu’aa qabeessa, miidhaa hin uumneefi salphaatti argamu yeroo dheeraaf waan dhufu miti,” jedhu qoronnoo kan kan dursan Pirofesar Maartin Liwelin. “Yoo qorichoota akka kilooroquwiiniifi haydirookilooquwiin carraa Covid-19 qabamuu hir’isuu kan danda’u ta’e kun waan bu’a qabeessa ta’a.” Qorichooti kun ho’iinsaa qamaafi dhaqna wanta dhiitessuu hir’isuu, akkasumas dhibee busaa ittisuufi wal’aanuuf fayyadu. Dhabbileen tola ooltummaa UK fi US keessa jiran qorichooti kun sababa koronaavayirasii xiyyeefannon waan itti baayyateef namoota dhugumaan qorichooti kun barbaachisuuf hanqinni uumamuu danda’a jechuun yaaddoo qaban ibsaniiru. Qorichii kun xiyyeeffannoo guddaa kan argate erga Pireezdaantiin US Donaald Tiraamp bu’aa qabaachuu danda’a jedhaniifi torban kana keessa Covid-19 offirraa ittisuuf kilooroquwiin fudhaachaa akka jiru beeksiseedha.
Siyaasa Itoophiyaa: Mana maree bittinsuun Komishinoota hundeessuun aangoo MM Abiyyi waggaa tokkoof dheeressuun furmaata' Tumsa Tumsa Dimokiratawaa Federalizimii Sab-daneessaa jedhamuun paartileen beekaman Manni Maree Itoophiyaa yeroon hojii isaa yeroo xumuramu bittinnaa'uun komishinootni garaagaraa bakka isaanii hundaa'uun hanga filannootti biyyi gaggeeffamuu qabdi jedhan. Tumsa paartilee kaneenii kana keessaa tokko kan tahe ABO'n tarkaanfii amma mootummaan fudhate rakkoo siyaasaa biyya kana mudate keessaa karaa heera mootummaa hin cabsineen nu baasuu hin danda'u ejjennoo jedhu qaba. Obbo Mikaa'el Booran miseensi Gumii Shanee ABO akka jedhanitti furmaatni waaraan siyaasa Itoophiyaa keessatti dhufuu kan danda'u filannoon haqa qabeessi gaggeeffamee mootummaan uummataa yoo hundaa'e qofaadha jedhan. Haa tahu malee sababa weerara koroonaavaayirasiin filannoon bara kanaa gaggeeffamuu akka hin dandeenye hundi keenya itti waliigalla jedhan Obbo Mikaa'el. Manni Maree Bakka Bu'oota Uummataa yaa'ii isaa Caamsaa 05, 2020 gaggeesseen keewwatootni heeraa sadii waa'ee filannoo dheeressuu haasa'an ji'a tokko keessatti akka hiikni dabalataa irratti kennamu murteesseera. Haa tahu malee miseensotni paarlaamaan akkaataa heera irra taa'een Fulbaana booda hojiirra turuu hin danda'u kan jedhan Obbo Mikaa'el, kun ammoo heera biyyattii irratti rakkoo fiduu danda'a jedhan. Sababni isaas akka furmaatatti heera hiiku kan jedhu sun heera biyyaa kan qaawwaa dhimma kanaaf hin qabne irratti rakkoo uuma jedhan. Rakkoo haaraa mudate kanaaf furmaata haaraatu barbaachisa ejjennoo jedhu akka Tumsa paartilee kanaatti akka qaban himan. ''Heerri biyya kanaa yeroo rakkoon akkasii mudatuuf kan gargaaru qaawaa dhiisee darbe hin qabu'' jedhan Obbo Mikaa'el Booran. Haatahu malee, Ministirri Muummee Abiy, ''kanneen heerri mootummaa dhimma filannoorratti keeewwata hiikamuuf banaa ta'e hin qabu jedhan wallaalummaa akka malee keessa jiru,'' jedhanii ture.
Heera kana hiikuuf qaamni taa'ee jiru manni maree federeeshiniis qaama walaba taheefi paartiidhaan ajajajamu miti jechuun ibsan. Rakkoo haaraa kanaaf furmaatni isaa heera biyya kanaa keessaa argama jennee hin amannu kan jedhan Obbo Mikaa'el heera hiikuu jedhanii mana maree federeshiniitti kan erganis hiika hin tahu jedhan. Gama biraan ammoo filannoo barbaannu sana gaggeessuuf qaamni biyya kana gaggeessu tokko barbaachisa jennee amanna jedhan. Isa kanaaf furmaata haaraa taha jennee kan itti amanne manni maree yeroo isaa gaafa xumuratu bittinaa'uun bakka isaa madaala biyya kanaa kan eeguufi hojii hundumaa kan hordofu komishinootni garaagaraa hundaa'uun furmaata ejjennoo jedhu Tumsi paartilee kun akka qabu himan. Hanga filannoon gaggeeffamutti Koreen hojii raawwachiiftuu MM Abiy Ahmad akkuma jirutti waggaa tokkoof turuun hojii mootummaa yoo gaggeesse furmaata tahuu danda'a jedhan. Yeroon hojii mana maree Itoophiyaa waggaa shanii ji'a Waxabajjii kanatti xumurama. Miseensotni paarlaamaa ji'a Fulbaana bara 2020 tti akkaataa heera mootummaa irra taa'ee jiruun gara hojii isaaniitti deebi'uu hin danda'an. Kanaaf jecha mootummaan ogeessotaan qorachiisuun furmaata tahuu kan danda'an qabxiilee afur dhiyeessee isaan keessaa heera mootummaa hiikuu kan jedhu manni maree raggaasisuun mana maree federeeshiniif darbeera. Paartileen morkattootaa hedduun ammoo tarkaanficha mormaniiru. Tumsa [Alliance] jedhamuun paartiin beekamu kun ammoo MM Abiy akkuma jirutti tilaamaamaan waggaa tokkoof aangoo isaa irra turuun hanga filannootti biyya kana osoo gaggeessan furmaata taha jennee amanna jedhan. Koreen hojii raawwachiistuu ministira Muummees akkasuma hojii isaanii itti fufuun biyya kana hanga filannootti gaggeessuu qabu ejjennoo jedhu qabu. Haa tahu malee dhimma biyyaa hundaa MM Abiyyii fi koree hojii raawwachiistuu kanatti dhiisuurra bakka mana maree bittinaa'uu komishinoota hordofan barbaachisa jennee amanna jedhan Obbo Mikaa'el Booran.
Dhimmoota gurguddoo Tumsi paartilee kun kaa'ee komishiniin hundaa'ee hordofuu qaba jedhes; As keessatti jaarmiyaaleen siyaasaa hundinuu hirmaachuun komishiniin kun hundaa'uu qaba jechuun akka amanan himan Obbo Mikaa'e ejjennoo paartilee kanenii yoo ibsan. Mootummaa ce'umsa irraa addadha kan jedhan Obbo Mikaa'el dhimmoota jajjabaoo kana mootummaa amma jiru cinatti komishinootni hundaa'anii hordofuun yerooma dheereffame kana akka barbaadan akka itti hin fayyadamne hordofuuf gaarii taha jedhan. Ejjennoo paartileen 'Tumsa' keessa jiran baasan kana paartileen akka 'madirek' Arenaa fi kaanis beeku ittis waliigalu jedhani isaanis gara Tumsa paartilee kanaatti makamuuf gaafatanii boordii filannoo irraa beekamtii argachuuf eeggachaa akka jiran himaniiru. Gama biraan ammoo miseensi KFO Obbo Jawaar Mahaammad fi Obbo Lidatuu Ayyaaleew Fulbaana booda bulchiinsi Abiy Ahmad seerummaa waan hin qabneef hundi keenya waluma qixa jedhanii kanaaf furmaatni siyasaa dhufuun dirqama kan jdhu dubbatanii ture. MM Abiy Ahmad ammoo Paartiin bilxiginnaas miseensota hedduu kan horate caasaa hedduu kan qabuu fi jijjiirama akka biyyaatti dhufe hoogganuudhaan namoota hedduu biratti fudhatamummaa kan argateedha'' jedhan. Weerarri Covid-19 darbee hanga filannoon gaggeeffamutti paartiin bilxiginnaa dirqama biyya bulchuu qabas jedhan. Tumsa jedhamuun kan beekamu tukkummaan paartilee kun ABO, Adda Bilisummaa Biyyaalessa Ogaadeen, fi Agaw Biherawwii Shoongoo fi paartii Mochaa jedhamanidha. Isaan kunneen tokkummaa kana jalatti hojjeechuuf boordii filannoo biyyaalessaa irraa beekamtii seeraa kan fudhatan yoo tahu gara tokkummaa kanaatti makamauuf paartileen gaafatan biroon beekamtii argachuuf adeemsa irra akka jiran Obbo Mikaa'el Booran Miseensi Gumii Sabaa ABO himaniiru. MADRAK fi Arena akkasumas paartileen kaan biroos adeemsa irra jiru jedhan.
MADRAK fi Arena akkasumas paartileen kaan biroos adeemsa irra jiru jedhan. Ibsa amma bahe kanas walumaan mari'atanii akka dhiyeessan himaniiru. Itoophiyaan sababa weera koroonaavaayirasiin labsii yeroo muddamaa jala kan jirtu yoo tahu sababa kanaanis filannoo biyyaalessaa yeroo biraati dabarsiteetti.
Tiraamp karoora Ameerikaan talaallii argachuuf qabatte himan Piroojektiin 'Operation Warp Speed' jedhamu xumura bara kanaatti talaallii koronaavaayirasii argachuuf karoorfate.
Koroonaavaayirasii: Libaanoositti lammiileen Itoophiyaa koroonaavaayirasiin qabaman Lammiilee Itoophiyaa biyya Libaanoos jiraatan keessaa namootni saddet koroonaavaayirasiin qabamuun himamaa jira. Ministeerri Fayyaa biyyattii marsariitii odeeffannoo waa'ee koroonaavaayirasii qoodu irratti lammiileen Itoophiyaa saddet vaayirasichaan qabamuu ibseera. Haa tahu malee qonsilaan Itoophiyaa biyyattii jiru waa'ee odeeffannoo kanaa mootummaa biyyattii irraa waan dhagahe akka hin qabne himeera. Libaanoositti namoota 886 koroonaavaayirasiin qabaman keessaa saddet lammiilee Itoophiyaa tahuu ragaan marsariiticha irratti lammiilee caqasuun ibse agarsiisa. Lakkoofsi namoota vaayirasichaan qabamanii dabaluu hordofuun biyyattiin guyyoota afuriis sochiin kamiyyuu akka hin taasifamne uggurtee jirti. Akka odeeffannoo mootummaa biyyichaatti namoota vaayirasichaan qabaman waliigalaa keessaa 7% kan tahan lammiilee biyyoota alaati. Lammiileen Itoophiyaa saddet qabamuun ammoo lammilee biyyoota alaa jedhaman kana keessaa isa ol-aanaadha, akka ragaan kun agarsiisutti. Dhimma kana irratti Qonsilaa Itoophiyaa Libaanoos jiruu kan tahan Obbo Akiliiluu Taaxxeree Wubee waa'ee ragaa jedhamees tahe ''lammiileen Itoophiyaa vaayirasichaan qabamuu odeeffannoo homaa hin qabnu'' jedhan. Qonsilaan kun akka jedhetti mootummaan biyyichaa yeroo yeroodhaan odeeffannoo akka dhaqqabsiisu himuun amma lammii Itoophiyaa vaayirasii kanaan qabames tahe du'e ilaalchisee garuu waan nu beeksisan hin jiru jedhan. Obbo Akiliiluun kaleessa marii mootummaa biyyichaa waliin itti fufinsaan gaggeessaniin adabbiin kaffaltii lammiilee Itoophiyaa karaa seeraan alaa biyyicha galan irratti darbee ture akka haqamuuf gaafachuu himan. Kanaanis adabbiin kun kanaan dura gara waggaa tokkotti gadi akka bu'ee ture himuun amma marii gaggeessaniin lammiilee Itoophiyaa gara biyyaatti deebi'aniif guutummaatti akka hafu murtaa'uu himaniiru.
Kanaanis adabbiin kun kanaan dura gara waggaa tokkotti gadi akka bu'ee ture himuun amma marii gaggeessaniin lammiilee Itoophiyaa gara biyyaatti deebi'aniif guutummaatti akka hafu murtaa'uu himaniiru. Obbo Akiliiluun lammiilee Itoophiyaa gara biyyatti galuu barbaadaniif sanada imalaa yeroodhaaf isaan gargaaru baasuun viizaa akka biyyichaa bahaniif isaan gargaaru qopheessuun akka deeggaranis himaniiru. Haa ta'u malee lammiileen Itoophiyaa Libaanoos jiraatan qonsilaa irraa deeggarsa gahaa akka argataa akka hin jirre komataa turani.
Koronaavaayiras: Talaallii Covid-19 argachuuf addunyaan ‘walitti dhufuu qaba’ Hoggaantoonni Awurooppaa talaallii koronaavaayirasii argachuuf karoora maallaqa doolara biilyoona 8.3 walitti qabamuuf jiru akka deeggaran xalayaa mallatteessuun waadaa seenaniiru. Karoorri kakaka'umsa Biraaselsiin eegalame kun Jimaata gara Pirezdaantii Gamataa Awurooppaa Arselaa von der Leyenitti ergameera. Waadaan galame kun walga’ii tumsa karaa interneetaan Wiixata gaggeefamuuf jedhu dura ta'edha. Ministirri Muummee UK Booris Joonsan biyyootiin “walitti dhufuun galma waliinii irra ga’uuf” akka hojjetaniif waamicha dhiyeessaniiru. Walga’ii kana UK, Kaanadaa, Firaans, Jarmanii, Xaaliyaan, Jaappaan, Noorwaay, Sa’ud Arabiyaafi Gamtaan Awurooppaa waliin ta’uun kan keessumeessan ta’a. Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii ireenya barametti deebi’uun kan danda'amu talaalliin yoo argame qofaadha jedheera. Namootni xalaayaa kana deeggaran keessaa Ministerri Muumme Xaaliyaan Juseeppee Kontee, Pirezdaantiin Firaans Immaanu’eel Maakroonfi Chaansilara Jarmanii Anjela Markel ni argamu. Xalayaa gaazexaarratti maxxanfame kanaan, hoggantoonni kun mallaqni walitti qabamu kun, "hojii walitti dhufeenya idil-addunyaa saayintistoota, dhabbilee, mootummootaafi ogeessooti fayyaa walitti dhufuun hojjetan kan jalqabsiisu ta’a” jedhaniiru. “Yoo addunyaan walitti dhufee talaalliif hojjeette deebisnee addunyaa mara kan tajaajilu uumuu dandeenye. Kun hojii garii addunyaan jaarraa 21ffaa kessatti hojjette isa addaa ta’a,” jedhaniiru. Dabalataaniis yeroo US Dhaabbata Fayyaa Addunyaa (WHO) qeeqaa jirtutti, biyyootiin xalayaa kana mallatteessan WHO akka deeggaran ibsaniiru. Yeroo ammaa kana talaallii argachuuf addunyaa maratti qoronnnoon adda addaa gaggeefamaa jira.
Yeroo ammaa kana talaallii argachuuf addunyaa maratti qoronnnoon adda addaa gaggeefamaa jira.
Ugaandaa: Museveeniin miseensota paarlaamaa maqaa koronaavaayirasiin maallaqa ofiif ramadanitti dheekkaman Pirezidaantiin Yugaandaa Yuweerii Museveenii miseensota paarlaamaa duula farra koronaavaayirasii gaggeessina jechuun doolaara miiliyoona 2.6 ofiif ramadanitti dheekkaman. Miseensonni paarlaamaa maallaqa kana kan ofiif ramadaniif hawaasa bakka bu'an itti dhiyeenyaan gargaaruuf jedhaniiti. Pirezidanti Museveeniin garuu koreen hojii duula farra koronaavaayirasiif hundaa'e osoo jiruu miseensonni paarlaamaa maallaqa hanga kana ofiif ramaduun qaanii guddaadha jedhan. Torbee darbe paartii mormituu keessaa miseensa paarlaamaa kan ta'e Firaansiis Zaak maallaqa ofiif ramadee hawaasa bakka bu'eef meeshaalee garaagaraa waan dhiyeesseef hidhamee ture. Mormitoota qofa osoo hin taane miseensota biroos adabbii walfakkaataatu eeggata jedhan Pirezidaanti Museveeniin. Yugaandaa keessatti namoonni 79 koronaavaayirasiin kan qabaman yoo ta'u biyyattiin hanga Caamsaa 05, 2020tti sochii uummataa uggurtee jirti. Maalaawwiin ammoo gamasheetiin namoota harka qalleeyyii ta'an maallaqaan deggeruu eegalteetti. Pirezidaantiin biyyattii Peter Mutharika namoonni kutaa biyyattii koronaavaayirasiin garmalee miidhaman keessa jiraatan maallaqaan akka deggeramaniif ajaja dabarsaniiru. Haala kanaan tokkoon tokkoon lammiilee kunneeniif ji'aan maallaqi biyyattii kuwaachaan 30,000($47) ni galaaf jechuudha. Akka pirezidaantichi jedhanitti sagantaa kanaan namoonni miiliyoona tokko ta'an kan deggeraman ta'a. Biyyi baay'ina uummataa miiliyoona 18 qabdu maalaawwiin,hanga ammaatti lammiileenshee 36 koronaavaayirasiin qabamaniiru. Naayijeeriyaaf Fundiin Maallaqaa Idil-Addunyaa doolaara Ameerikaa biiliyoona 3.4 deggersaan kenneef.
Naayijeeriyaaf Fundiin Maallaqaa Idil-Addunyaa doolaara Ameerikaa biiliyoona 3.4 deggersaan kenneef. Erga weerara koronaavaayirasii utubaa diinagdee Naayijeeriyaa kan ta'e boba'aan oomishi isaa garmalee hir'ateera. Afriikaa keesaa weerara Koronaavaayirasii ittisuuf Fundii Maallaqaa Idil-Addunyaarraa maallaqa guddaa argachuudhaan Naayijeeriyaan kan jalqabaati.
Koronaavaayiras: Filannoo achi butuu irratti qabxiiwwan MM Abiy dhiyeessan afran caalaa wanti fala ta'u jiraa? Sababa weerara koronaavaayirasiitiin filannoo Itoophiyaa Hagayya dhufutti karoorfamee ture gaggeessuun rakkisaa waan ta'eef yeroo biraatti dabarsuun filannicha gaggeessuun akka danda'amu mootummaan ibseera. Filannoo biyyaalessaa kana gaggeessuuf haalota na dandeessisu jedhee itti amane afuris tarreesseera mootummaan. Haalonni kunneen afranis mana maree bakka bu'oota uummataa diiguu, labsii yeroo muddamaa labsuu, heera mootummaa fooyyessuufi heera mootummaa hiikuudha. Erga kaleessa Ministirri Muummee Itoophiyaa Abiy Ahmad (PhD) filannoowwan kanneen dhiyeessanii as namoonni siyaasaa tokko tokko karaan kun sirrii akka hin taane dubbachaa jiru. BBC'n wanti badaafi gaariin filannoowwan mootummaan dhiyeesse afran irratti jiran maalfaadha jedhee biyya Nezarlaandis'tti Gorsaa Dimokiraasiifi Bulchiinsaa kan ta'an Dr. Aadam Kaasan Ababaafi Yuniversitii Oof Waashingitanitti barsiisaa seeraa kan ta'an Dr Heenook Gabbisaa dubbiseera. Akka Dr Aadam jedhanitti mana maree bakka bu'oota uummataa diiguu jechuun yeroon aangoo miseensotaa ni hobba'a jechuudha jedhan. Yeroo kanammoo mootummaan hojii guyyaa guyyaa qofa raawwata jedhu. ''Miseensonni mana marichaa haa bittannaa'aniyyuu malee kaabinoonni mootummaa hojiisaanii itti fufu,'' jedhan. Heera mootummaa federaalaa keewwata 60 irratti filannoo haaraa gaggeessuuf jecha Ministirri Muummee manni maree bakka bu'oota uummataa osoo yeroonsaa hin goolabamin Hayyama mataasaatiin akka of diigu gochuu danda'u jedha. Dr Aadam mootummaan filannoo gaggeessuuf haalota na dandeessisu jedhee dhiyeesse keessaa filannoon inni kun kan baasu ta'ee natti hin mul'atu jedhan. Sababa isaas yeroo kaa'an,''Tokkoffaa, diigamuu mana maree booda mootummaan ni dadhaba, Heera mootummaa keewwata 60/5 jalatti paarlaamaan erga diigamee booda paartiin biyya bulchu hojii guyyaa guyyaa raawwachuufi filannoo gaggeessuu qofa malee seera baasuu ykn fooyyessuuf aangoo hin qabu jedha,'' jedhan.
''Fakkeenyaaf, yeroo ammaa rakkoon biyyattii harkaa qabu weerarri Covid-19 diinagdee hubaa waan deemuuf seerri fooyya'ee ba'u jiraachuu mala. Gama hariiroo biyyoota alaatiinis fakkeenyaaf, atakaaroon Masirii waliinii hin furamne. Kanaaf, ammoo wiixinee seeraa fooyyessanii itti adeemuu gaafata. Paarlaamaan diigamnaan ammoo mootummaan aangoo sana hin qabaatu,'' jedhan Dr Aadam. Dr Heenook Gabbisaa gamasaaniitiin paarlaamaan kan diigamuuf osoo yeroonsaa hin hobba'in filannoo haaraa gaggeessuuf malee aangoo mootummaa biyya bulchaa jiruu dheeressuuf miti jedhan. Paarlaamaa diiguun filannoo gaarii miti kan jedhan Dr Heenook,''Manni maree kun diigame jechuun mootummaan diigameera akka jechuuti. Qaamolee mootummaa sadan keessaa paarlaamaan isa guddicha. Kun diigamnaan seera baasuun hin danda'amu. Ministirootaafi miseensota kaabinee muuduunis hin danda'amu,'' jedhu. Heera mootummaa federaalaa keewwata 93 jalatti manni maree ministeerotaa labsii yeroo muddamaa labsuu akka danda'u kaa'a jedhu Dr Aadam. "Labsiin yeroo muddamaa yoo labsame mootummaan mirgoota heera mootummaa irra jiran tokko tokko daangessuu danda'a. Kanneen keessaa bara hojii paarlaamaa daangessuu danda'a, '' jechuun mootummaan akkamiin labsii yeroo muddamaa labsee filannoo achi butuu akka danda'u ibsu. Mirgi filuufi filatamuu lammiilee daangeffamee bakka jirutti akkamiin filannoo amanamaa ta'e gaggeessuun danda'ama gaaffii jedhuu wayita deebii kennan Dr Aadam, ''Wanti ijoon filannoon taatee guyyaa tokkoo osoo hin taane gocha yeroo dheeraa fudhatu ta'uu beekuu qabna. Labsiin yeroo muddamaa hamma yeroo barbaachiseetti ni tura, isa booda labsiin ka'ee filannoon gaggeeffama. Labsicha dirqama hanga filannoon gaggeeffamutti turuu hin qabu,'' jedhan. Labsii yeroo muddamaa jalatti filannoon kan gaggeeffamu yoo ta'e garuu amanamummaafi walabummaan isaa gaaffii keessa gala jedhan.
Mootummaan yeroo filannoo achi butuurratti filannoo gaggeessuuf heera mootummaa fooyyessuu qaba yaadi jedhu sirrii miti jedhan Dr Heenook. ''Rakkoon amma jiru mootummaan yeroo turtii isaa waggoota shan dabalataan ni dheereffataa kan jedhuufi filannoon ni gaggeeffamaa kan jedhuudha. Heera mootumaa fooyyessuun kanaaf deebii hin ta'u. Fakkeenyaaf, mootummaan ji'oota ja'a dabalaan itti yaa fufu jechuudhaan heera mootummaa keessa galchuun hin danda'amu. Heera mootummaarra kan taa'u waan yeroo dheeraaf turuudha.'' Akka Dr Heenook jedhanitti dhimmi heera fooyyessuu dhimma qaama hundaati, fakkeenyaaf keewwati 39 akka haqamu kan fedhu jira, akka turu kan fedhus jira jedhan. Akka heera mootummaa keewwatoota 104 fi 105'tti yoo qaamni hundinuu irratti hirmaate heerri mootummaa fooyya'uu danda'a. Dr Aadam gamasaaniitiin heera mootummaa fooyyessuuf uummata dabalatee paartileen siyaasaa martinuuu irratti mari'achuu qabu jedhan. Kun ammoo yeroo fudhata jedhan. Sodaa weerara covid-19 keessa osoo jirruu hawaasaafi paartii siyaasaa walitti waamanii mariisisuun balaa biraa fida jedhan. Hiikkaa heera mootummaa gaafachuu jechuun maal jechuudha? Mootummaan hiikkaa heera mootummaa gaafachuun filannoo dheeressuu kan danda'u akkamitti kan jedhuuf Dr Aadam akkas jedhan: "Hiikkaa heera mootummaa jechuun yeroo gaaffiin heera mootummaa ka'u furmaata kennuu kan danda'u Mana Maree Federeeshiniiti. Mana marichaa kan deeggaru ammoo koreen heera mootumma to'atu jira. 'Lammiileen mirga filachuufi filatamuu qabu; heerri mootummaas barri hojii Mana Maree bakka bu'ootaas waggaa shan jedhee daangessa. Haata'uu malee, haala ammaa keessa jirruun filannoo geeggessuu hin dandeenye; kanaaf maal gochuu qabna' jedhee Mana Maree Federeeshinii gaafata. Hiikkaa heera mootummaa gaafachuu jechuun isa kana" jedhan. Akka Dr Aadam jedhanitti garuu daangeeffamni waggota shanii Mana Maree Federeeshiniirratti hin hojjatu.
Akka Dr Aadam jedhanitti garuu daangeeffamni waggota shanii Mana Maree Federeeshiniirratti hin hojjatu. Kana jechuunis Manni Maree Federeeshinii gaaffii hiikkaa heera mootummaa kan gaafatu dhimma mataasaarratti. Dr Aadam filannoo mootummaan dhiheesse keessaa "inni kun fooyyee qaba" jedhanii murteessuun ulfaataa akka ta'e ibsuun "murteen siyaasaa dhimmi fudhatamummaati. Paartileen siyaasaafi mootummaan walii galu yoo ta'e filannoon kamuu hojiirra oolfamuu danda'a," jechuun goolabu. Dr Heenook filannoodha jedhanii kan kaa'an mootummaafi paartileen siyaasa walitti fiduun osoo heerri mootummaa hin sarbamini paartileen mootummaan yeroo murtaa'eef bulchuu akka danda'u hayyamuufi murtee dabarsuu qaban kan jedhudha. Kanaaf, mootummaan yeroo kanatti dirqama heera mootummaarratti kaa'aman bahuu qaba jedhu.
Koronaavaayiras: Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa faalamni qilleensaa du'aatii Covid-19ftiif sababa ta'u mala jedhe Bakka faalamni qilleensaa cimaan jirutti dhibee Covid-19 sadarkaan isaa hamaa ta'eef carraan saaxilamuu jiraachuu mala jedhan qondaalli Dhaabbata Fayyaa Adunyaa (WHO) tokko. Walitti dhufeenyi faalama qilleensaafi du'aatiin cimaan sababa koronaavaayirasii jiraachuu isaa kan Yunvarsiitiin Harvaard gaggessee dabalatee qorannoowwan lama dhiyeenya taasifaman ni mul'isu. "Biyyoonni yoo faalama qilleensaa guddaa kan qaban ta'e, karoorri qophii isaan Covid-19 dura dhaabbachuuf qabaatan kana ilaalcha keessa galchuu qaba. Sababiin isaa ammoo faalamni qilleensaa balaa du'aatiin ol-aanaa jiraachuuf saaxila," jechuun BBCtti himan WHOtti daarekatarri damee fayyaa hawaasaafi naannoo Dr. Maariyaa Neyiraa. "Laatiin Ameerikaa, Afrikaafi Eeshiyaa ilaalaa jirra. Akka weerara kana dura dhaabbachuuf karoorfataniifi qophaa'an gochuudhaaf aanga'oota ardileen kanneenii deggaruudhaaf daataa beezii keenya irraa magaalota baayyee faalaman maappii hojjenneerra." Ogeessonni fayyaa walitti dhufeenyi faalama qilleensaa cimaafi Covid-19 gidduu jirachuu isaa mirkaneessuuf ammallee yeroon akka hin geenye walii galu. Haata'u malee, hojjetoonni fayyaa biyyoota faalama qilleensaa cimaa qaban tokko tokko keessatti dhukkubsattoonni dhukkuba faalama qilleensaarraa ka'e duraan qaban dhibeen Covid-19 haalaan itti hammaatee arganiiru. Akka tilmaamaa Dhaabbata Fayyaa Addunyaatti waggaa waggaadhaan sababa faalama qilleensaarraa kan ka'een namoonni miliyoona torba ta'an ni du'u. Biyyoonni miidhaman Eeshiyaa Kibbaa, Baha Giddu-galeessaa, Afrikaa Sahaaran Gadiifi Afrikaa Kaabaa keessatti argamu akka gabaasni Baankii Addunyaa bara darbe addunyaarratti bakkawwan faalama qilleensaa agarsiisuun baase agarsiisutti.
Akka qorannoon Yunvarsiitiin Harvaardi saaxilamummaa faalama qilleensaa yeroo dheeraa ilaale agarsiisutti sadarkaan paartikiloonni faalama qilleensaa waggoota weerarri kun itti jalqabe dura xiqqoo dabaluun carraan Covid-19n du'uu naannoo %15tiin dabaluu isaati. Qorannoon kun US gara caaluufi faalama qilleensaa akka biyyattiitti jiru kan ilaaleefi ragaa lakkoofsa namoota Covid-19n du'an kan wiirtuun Saayinsiifi Injiinaringii Koronaavaayrasii Yunvarsiitiin Joon Hopkiinsi walitti qabu fayyadame. Namoonni baayyeen kan du'an bakka paartikiloonni xixiqqaa PM2.5 jedhamu itti ol ka'ee jirudha akka rgannoo qorannoo Yunvarsiitii Harvaarditti. "Bifti waliigalaa sadarkaa namoonni Covid-19n itti du'aniifi bifti ol-ka'insi paartikil PM2.5 jedhamu bakka namoonni itti baayyatanii jiranii walfakkaata," jedha gabaasni Yunvarsiitii Harvaard. PM2.5 kan jedhamu paartikilii xixiqqaa, rifeensa dhala namaarra 1/13ffaa kann furdattu taatee yeroo gara keessatti arganan somba namaa seentudha. Paartikiloonni kunneen duraan dhimoota rakkoo fayyaa akka dhibee sirna argansuufi kaanserii sombaa waliin walitti dhufeenya qabaatu jedhamaa tureera. Qorannoon kun hanga ammaa kan jaalleewwaniin hin ilaalamne ta'ullee Jarman Yunvarsiitii Luudwiid Maaksimiilaanitti dursaan epidimoloojii Pirofesar Annettee Piiters, argannoon amansiisaadha jedhan. "Gabaasawwan duraan turan waa'ee namoota dhibamanii gara hospitaalaa dhufaniifi sadarkaa sababa dhibee michii sombaa (nimooniyaarraa) kan ka'e du'aatii jiru waliin kan deemudha," jechuun BBCtti himan. "Qorannoowwan shakkii keenya deggeran keessaa isa jalqabaati. Akkasumallee, yaada hammaachuun dhibee Covid-19 sababa faalama qilleensaan guddaa jiraachuu ta'uu mala jedhu akeeka."
Xaaliyaan Kaabaas xiyyeeffannoo qorannoo walitti dhufeenyi faalama qilleensaafi du'aaatii sababii dhibeen Covid-19 jiraachuu malaa jedhu gidduu kana gaggeeffameeti. Qorattoonni Yunvarsiitii Se'inaa Xaaliyaaniifi Yunvarsiitii Artus kan Denmaark qorannoo kana gaggeessaniiru. Akka lakkoofsi Xaaliyaan agarsiisutti du'aatiin dhibee Covid-19 waliin walqabatuun nannolee Lombaardiifi Emiliyaa Romaanyaatti hanga Bitootessa 21tti gabaafame naannoo %12 yoo ta'u kun ammoo guutummaa Xaaliyaan biroo $4.5 ta'e waliin wal bira qabamee yeroo ilaalamudha. Qorannnoon Saayinsi Daayirekt irratti maxxanfame akkas jedha: "Faalamni Xaaliyaan Kaabaa du'aatii baayyee naannoo sanatti qaqqabeef sababa dabalataa akka ta'eti ilaalamuu qaba." Sababoota biroo kan akka baayyina ummataa, umurii, garaa garummaa sirnoota fayyaa, akkasumas garaa garummaa imaammatawwan ittisuu naannoowwan garaa garaa jiranis ilaalcha keessa galuu qabu jedheera. Dhaabbanni Fayya Addunyaa akka jedhutti ummanni addunyaa %90 ol ta'u bakka faalamni qilleensaa kan qajeelfamaan kennameen ol ta'e keessa jiraatu. Namoonni kunneen ammoo garri caalan biyyoota iyyeeyyii ta'an keessa jiraatu. Qeesaar Bugaa'oyisaan hakiima sirna argansuufi Hojjetaa Waldaa Kunuunsa Sirna Argansuu biyya Filiippiinsi keessa jiruuti. "Daataa jalqaba arganneen, namoota sababa koronaavaayirasiin biyyattii keessatti du'an keessaa hunda jechuun haala danda'amuun, rakkoo fayyaa duran ture, harka caalaan isaanii faalama qilleensaa waliin kan walqabte qabu ture," jedha. Qorannoowwan dhiyeenya kanaa, Gabaasa Qulqullina Qilleensaa Addunyaa bara 2019 dabalatee, akka agarsiisanitti, Indiyaan magaalota gara caalan faalama qilleensaa hamaa ta'een miidhaman qabdi. Biyyattiin hanga ammaatti sababa dhibee Covid-19n du'aatii 521 galmeesifteetti.
Indiyaa keessatti, doktoroonni tokko tokko BBCtti akka himanitti walitti dhufeenya rakkoo fayyaa sababa faalama qilleensaafi dhibee Covid-19 hamaa ta'e gidduu jiraatu dhimmanii ilaalaa jiru. "Tatamsa'ina vaayirasichaa dabalaa dhufuu isaa yeroo ilaallutti, namoonni rakkoo fayyaa sababa faalama qilleensaa duraan ture qaban sirriidhumatti warra hunda caalaa miidhamanidah," jedhan Ispeeshaalistiin Hospitaala Delhii Dr. SK Chabraa. Pirezedaantiin Faawondeeshinii Fayyaa Hawaasaa Indiyaa Piroofesar Sirnaaz Rediis yaada kanaan waliigaluuu dubbatu. "Yoo aalamni qilleensaa ulaa qilleensaafi somba miidheera ta'e, namoonni koronaavaayirasii dandamachuu hin dand'an," jedhu. Haata'u malee, aanga'oonni fayyaa mootummaa Indiyaa garuu walitti dhufeenyi jiraachuuf hanga ammaa ragaan gahaa ta'e hin jiru jedhu. "Ragaan gahaa ta'es hin jiru, nutis ammoo qorannoo akka kanaa hin gaggeessine," jedhu dubbi himaan Mana Maree Qorannoo Dhimma Fayyaa Indiyaa Dr. Raajnii Srivastaavaa. Bara 2002 keessa dhibeen hamaa sirna argansuu miidhu SARS) jedhamu gosa koronaavaayirasii isa barana addunyaa weerara kanarraa adda ta'een mudatee ture. Biyyoota 26 keessa tatamsa'ee namoota 8,000 irratti argamuun 800 kan ta'an ammoo ajjeesee ture. Qorannoon bara 2003keessa qorattoota Mana Barumsaa Fayyaa Hawaasaa UCLA tiin taasifame akka agarsiisetti namoota dhibee SARS qaban keessaa warreen bakka faalama qilleensaa cimaa ta'ee dhufan dhukkuba sanaan du'aan isaanii dachaadha. Erga weerarri koronaavaayirasii jalqabee faalamni qilleensaa fayyaa'ee ture garuu tarkaanfiin biyyoonni addunyaa sochii dhurkuu fudhatan gaafa laafe deebi'ee guddachuu danda'a sodaan jedhu jira. Namoota Harvaarditti gabaasa qorannoo kana barreessan keessaa tokko kan ta'an Piroofesar Firaanseeskaa Dominiichii akka jedhanitti gabaasni ishee kun aanga'oonni akka miidhaa faalama qilleensaa ilaalcha keessa galchan ni taasisa.
Namoota Harvaarditti gabaasa qorannoo kana barreessan keessaa tokko kan ta'an Piroofesar Firaanseeskaa Dominiichii akka jedhanitti gabaasni ishee kun aanga'oonni akka miidhaa faalama qilleensaa ilaalcha keessa galchan ni taasisa. "Qulqullinni qilleensaa akka hammaataa hin deemneef ni dhaaba jennee abdanna, keessumaa yeroo weerara kana keessa aanga'oonni seerawwan faalamaa lalaaffisuudhaaf yaalaau isaanii yeroo dhaga'aa jiru kanatti."
Koroonaavaayiras: Silxeetti dargaggoon tokko sabababa 'fageenya keessan eegaa’ jedhee gorseef lubbuusaa dhabe Godina Silxee magaalaa Waraabee, naannno Waashingitan jedhamutti namni gorsa Covid-19 ittisuuf kennamu walirraa fagaadhaa jedhu gorsuu isaatiif lubbuusaa dhabe. Namni kun mana shaayii keessaa hojjeta ture. Maamiiltootni walitti siqanii taa’uu argeetu akka walirraa fagaatan itti hime. Kana booda isaan gidduutti lolli eegale jechuun itti gaafatamaan sab-quunnamtii godina Silxee Muuddiin Muniir nutti himaniiru. ‘’Balbala mana shayii inni hojjetu bukkeetti maamiltoonni walitti qabamanii argeetu ''maaliif walirraa hin fagaattani,'' jedhe. Namoonni kunneen yaada isaa hin hubanne natti fakkaata lola gidduu isaanii dhalateen reebanii isa ajjeesaniiru,’’ Jedhan. ‘’Bunyaadhaani isa reebaa turani, iddoo reebametti miti kan lubbuun darbe. Poolisiin erga qaqqabeen booda hospitaala isa dhaqatani, garuu lubbuu isaa baraaruun hin danda’amne,’’ Hospitaala Ispeeshaalaayizidii Waraabeetti qorannoon erga taasifameefin boodas reeffi isaa maatii isaaf ergamee awwaalchi isaa raawwateera. Gochaa raawwateen shakkamtoonni afur to’annoo jala ooluu kan nutti himan immoo, ajajaa poolisii godinichaa kan tahan Inspeektar Kaamil Hamiidi dha. ''Shakkamtoota afur qabannee jirra. Yeroo ammaa kana raga walitti qabaa jirra. Jecha isaanii erga fudhanneen booda mana murtiitti akka dhiyaatan ni taasifna. Hanga mana murtiitti dhiyaatanitti as nu bira turu,’’ jedhan. Koroonaavaayirasii ittisuuf murtoo mootummaan dabarse hojiirra oolchuuf sochii irra jiran Inspeektar Kaamiiliin gaafanneerra. ''Konkolaataawwan hamma isaaniif hayyamameen olitti akka hin feene to’achaa jirra. Namoota sababa kanaan qabanne jirru barumsa isaaniif kennineetu gadi dhiisna. Hawaasni waa’ee dhukkubichaa hubannoo gahaa akka qabaatus hojjechaati jirra.’’ ''Namoota walitti qabanii hidhuun deebisee rakkoo fiduu waan danda’uuf, inni guddaan amansiisuufi akka of eegan gorsuu dha,’’ jedhu.
Hawaasni waa’ee dhukkubichaa hubannoo gahaa akka qabaatus hojjechaati jirra.’’ ''Namoota walitti qabanii hidhuun deebisee rakkoo fiduu waan danda’uuf, inni guddaan amansiisuufi akka of eegan gorsuu dha,’’ jedhu. Itti gaafatamaan sab-quunnamtii godinichaa Obbo Muuddiinis xiyyeefannoon isaanii waa’ee koroonaa barsiisuu akka tahe himu. ''Waan sadii irratti hojjechaa jirra: innis vaayirasichi akkatti darbu, akkamiin ofirraa ittisuu akka dandeenyuufi erga qabamnee booda immoo maal gochuu akka nurra jiraatu dha. Kanas afaan naannichaan hanga aanaalee gaditti barsiisaa jirra.’’ Harka wal fuudhuufi mana bahuu dhiisuu ilaalchisee guutummaan guutuutti ta’uu baatus hawaasni hojiirra oolchaa akka jiru himu. Gabaafi mana baahuurratti garuu ammallee rakkoon jira jedhu. Hubannoo kana jabeessuufi hawaasa waliin gahuuf artistoota dhalattoota naannichaa kan tahan Mahaammad Sirgaagaa fi Alii Nuur faa waliin hojjechaa jirra jedhan.
Koroonaavaayiras: Waqtiin hoo’aa tamsa’ina koroonaavaayirasirratti dhiibbaa qabaa? Koroonaavaayirasiin sududaan tamsa’ee addunyaa walgeenyaan haalli qilleensa ho’aan tarii tatamsa’ina vaayirasichaa dhaabuu mala yaadni jedhu xiqqaachaa dhufeera. Haata’u malee qorannoo haaraan abdii akeeku qabaa laata? Ammatti koronaavaayirasiin waqtii jijjiramuun akka daangeeffamu baruun hin danda’amne. Sirriitti baruudhaaf lakkoofsi namoota waggaa tokkotti vaayirasichaan qabamanii waqtii wajjiin hammam akka jijjramu beekuutu barbaachisa. Ta’us, haala qilleensa baramaa garaa garaa keessatti tamsa’inni vaayirasichaa waan akeekuu qaba. Ragaaleen muraasni akka mul’isanitti, namoonni koroonaavaayirasiin qabaman kan baayyatan naannoo qorraa - gogaa qaban keessatti. Qorannoon tokko akka mul’isetti biyyootni vaayirasichaan miidhaman qilleensa qabbana’aa kanneen qabanidha. Waraqaan qorannoo biraammoo kanneen ho’a olaanaa fi jiidhinsa qaban keessatti tamsa’inni vaayirasicha xiqqaadha jedhanii ibsu. Qorannichi magaalota biyya Chaayinaa 100 ol ta’an kanneen namoota vaayirasichaan qabaman 40 ol qaban sakatta’uudhaan yaadicha dhiyeesse. Qorannoon biraas weerarri vaayirasichaa harka caalu namoota iddoo haala qilleensaa qorraafi gogaa qaban jiraatan irratti amma Bitotessa 23 tti heddummata jedhe. Haata’u malee, gartuun qo’attoota mana barnoota landan keessa maadhefate (London School of Hygiene and Tropical Medicine) akka himetti yoo ta’e,vaayirasichi qilleensa baramaa hundaatti tamsa’aa jira. Ragaan mana barnoota kanarraa argame akka agarsiisutti, gosonnii koroonaavaayirasii waqtii bonaattis daddarban jiraachullee itti dabalee ibsa. Ogeeyyii waraqaa qo’annoo mana barnoota kanattii barreessan keessaa Ellin Firagasizi akka himanitti yoo ta’e, amalli koroonaavaayirasii isaa haaraa tamsa’aa jiru garuu hin beekamu jedhan.
Ogeeyyii waraqaa qo’annoo mana barnoota kanattii barreessan keessaa Ellin Firagasizi akka himanitti yoo ta’e, amalli koroonaavaayirasii isaa haaraa tamsa’aa jiru garuu hin beekamu jedhan. Waqtii ho’aa dhufaa jiruttis tamsa’innii vaayirasii addunyaa waliin gahuutti jiru kanaa ni hir’ata jedhamee baayee hin abdatamu jedhu. Qufaan vaayirasiin daddarban biroo heemesfara Kaabaa fi Kibbaatti mul’ata turan. Haa ta’u malee, naannoo mudhii lafaatti dhiyaatu qufaan hin hammaatu ture. Vaayirasii Haaraan Sars-Cov-2 jedhamu dhibee Covid-19 jedhamu nama qabsiisuu akkatti daddarbu gosa vaayirasichaa duraan mul’ate wajjin wal fakkaata. Ta’us, waanti vaayirasicha adda taasisu inni ijoon dhukkubbii inni uumuu danda’uu fi baay’ina namoota ajjeesuuti. Yuunvarsiitii Saawuzampitan irraa Dr. Maayikil Heed akka jedhaniitti, dhiibbaaniifi dagaaginni vaayirasicha kan duraan turaniirra addas jedhan.
Manneen dhugaatii cuufamuun UK'tti warra biiraa naqan yaaddesse Akkuma tajaajilota kaanii manneetiin dhugaatiis yeroo hin murtoofneef cufamanni turuun isaani hin oolu. Yeroo kanatti garuu dhugaatiin kuusaa isaanii keessa jiru attam taha? Dhugaatii liitiroo miiliyoona lama baay’atutu UK keessatti okkotee gurguddaa manneen dhugaatii gurguran keessatti sababii koroonaavaayirasiif faayidaa ala tahe. Kuni egaa isa isaan manaa manatti gurguraniin alattidha. ‘’Humaafi dandeettiin dhugaatii biiraa gaarii oomishuuf bahe lafatti gaafa hafu nama gaddisiisa,’’ jedha hogganaan dhugaatii Shaampenyii Kaamraa jedhamuu, Toom Istaanar. ‘’Egaa waan dhugamu hin fakkaatu horiin irratti bahes bade hafuusaati,’’ jedha. Akka Istaansar jedhutti manneetiin dhugaatii 39,000 UK keessa jiran yoo xiqqaate okkoteewwan dhugaatii itti naqan 15 qabu. Dhugaatiin baayyeen yeroon kan itti darbu ji’a sadiitti dha. Warreen calallii addaa keessa darbaniif immoo ji’a jahaa hanga sagaliiti. Kibba Landanitti kireessituu mana dhugaatii Waandswoth kan taate Keeriis Dii Viilaar dhugaatiin paawundii 10,000 baasu baduu akka danda’u himti. ‘’Manaa manatti geessuu ni danda’ama garuu of eeggannoo guddaa barbaada. Haala gaddisiisaa keessa jirra hojjettoonni biiraa naqan ammallee jaalalaan hojjetu,’’ jetti. Erga manneetiin dhugaatii cufamiin booda gurgurtaan dhugaatii gabaa (supermarket) dabaleera. ‘’Kuni dhimma guddaa mootummaan xiyyeeffannoo itti kennu tahuu baatus, mana dhugaatii deemuun, siniimaa deemuufaa waan namoonni gochuu fedhani dha,’’jedha Istaansar. Mootummaan dhugaatiin yeroon irra darbe hundi gadi naqamuusaa akka to’ataniif warren mana dhugaatii bakka bu’aa akka filatan gaafateera. Dhugaatiin akka malee bu’aaf jecha akka hin tursiifamnees ni to’atu.
Dhugaatiin akka malee bu’aaf jecha akka hin tursiifamnees ni to’atu. Malli warren biiraa naqan yaadan tokko dhugaatii isaanii keessaa alkoolii baasuun qulqulleesituu harkaa oomishuu dha. Dhaabbanni biiraa oomishu Brewdog jedhamu kanuma hojjechuu eegaleera. Keeriis, ‘’warri biiraa naqan huduma keenya gargaaruuf waan godhan bareedaa dha,’’ jedhan Mootummaan UK daldala bashannanaa waliin wal qabataniif liqaa paawundii biiliyoona 330 yoo kennu, biiliyoona 20 immoo deeggarsa taasiseera. ‘’Manneetiin dhugaatii hawaasa keenyaaf lafa bashannanaa, diinagdee keenyaaf immoo utubaa dha jedhan dubbii himaan Waajira Daladalaa, Annisaafi Indaastirii ‘’Akka cufan kan isaan gaafanne uummata keenya eeguufi vaayrasichi akka hin babal’anne dha. Garuu dadaloota kunneeniif deeggarsa ni taasifna,’’ jedhan.
Koronaavaayiras: Chaayinaan osoo sababa COVID19 namni jalaa hin du'iin ooltee bulte Guyyaa darbe sababa koronaavaayirasiin namni tokkollee osoo hin du'iin ooluu Chaayinaan gabaafte, kun erga weerarri vaayirasichaa mudate as yeroo jalqabaafi. Guyyoota muraasa darban namoota muraasas ta'u namootni dhibee COVID19'n du'aa turan. Biyyattiin yeroo duraaf osoo namni na jalaa hin du'iin oole haa jettu malee ragaa Chaayinaan dhimma koronaavaayirasii irratti addunyaaf kennitu irratti gaaffii hedduutu ka'a. Oduun dansaa kun wayita magaalaan weerarri vaayirasicha keessatti eegale Wuhaan uggura sochii laafisuuf qophaa'aa jirtutti dhagaa'ame. Amajjii 23 booda yeroo jalqabaaf namoonni magaalattii keessaa akka bahan hayyamamaaf jechuudha. Wayita Ameerikaan lakkoofsa namoota du'anii 10,000 olii waliin vaayirasichaan wal'aansoo hamaa keessa jirtutti Chaayinaan vaayirasicha injifachuun aanga'oota biyyattiif oduu aagaati. Torbanoota darban Chaayinaan biyyoota Afrikaafi Awurooppaa vaayirasichaan lolaa jiraniif deeggarsa gochaa turte Chaayinaa keessatti lakkoofsi namoota haaraa vaayirasichaan qabamaa jiraniis daran xiqqaachaa jira. Wiixata kaleessaa namoota 32 qofatu vaayirasichaan qabame, hundi isaaniituu warraa biyya biraa irraa garas dhaqanidha jetti Chaayinaan. '...ifa abdii guddaadha' Gabaasaan BBC Beejing jiru Isteefan Makdonel waan jedhe: "Ragaa biyyattii irratti gaaffiin ka'ullee yeroo duraaf du'a malee ooluun biyyattii lammilee Chaayinaafis ta'e guutuu addunyaaf ifa abdii guddaadha." Ragaan biyyattiin lakkoofsa namoota vaayirasichaan qabamaniifi du'anii addunyaaf himaa turteefi jirtu dhugaa ta'uu baatullee, dhugaan lafarra jiru biyyattiin vaayirasichaa to'achaa jiraachuu ishee mul'isa jedha.
Ragaan biyyattiin lakkoofsa namoota vaayirasichaan qabamaniifi du'anii addunyaaf himaa turteefi jirtu dhugaa ta'uu baatullee, dhugaan lafarra jiru biyyattiin vaayirasichaa to'achaa jiraachuu ishee mul'isa jedha. Oduun biyyattiin osoo namni jalaa hin du'iin ooluu kun garuu haala nama ajaa'ibuun Chaayinaa keessatti ijoo dubbii ta'ee dubbatamaa hin jiru jedha Isteefan. Miidiyaaleen paartii biyyattii bulchu 'Paartii Komuniistii Chaayinaa' jalatti bulanis ta'e, miidiyaaleen hawaasaa odu kana akka waan guddaatti haasawaa hin jirani jedhe. Kuni tarii sababa shakkii ragaa mootummaan biyyattii dhiyeessuurraa qabaniin ta'uu mala. Sanas ta'e kana dhugaan lafarra jiru waan abdii namatti horudha jedhe.
Koronaavaayiras: Saayintistiiin 'Vaayirasiirratti osoo qabsaa'uu' maaginatiin funyaan isaa galte Qorataan hawwaa (astrophysicist) yeroo weerara koronaavaayirasii kanatti meeshaa namni akka harka isaa gara fuula isaatti hin geessine gargaaru hojjechuuf yaalaa ture ofiinuu hospitaala gale. Sababii inni itti hospitaala galeef ammoo maaginetiitu funyaan isaa keessatti rakkate. Qorataan Dr. Daani'eel Riirdoon jedhamu meeshaa qomaa olirratti godhatan kan yeroo namni harka ofii gara fuula ofiitti dhiyeessutti deebii kennuu danda'u hojjechuuf abbale. Akka carraa ta'ee garuu qorataan kun hin milkoofne; wanta inni yaade akka inni karoorfatetti ta'uufii didde. "Wanta ani yaade faallaa bu'aa ani yaadeeti godhate. Anumtiyyu rakkoo keessan gale" jedheera. "Natti kolfamee, yeroodhaaf abdii kuteen ture. Garuu boodarra calliseen maaginetiiwwan fuulakoorra kaa'uun eegale. Jalqaba gurrakoorra, achiin booda ammoo funyaankoo keessa kaa'een yaaluu itti fufe," jechuun BBC'tti hime. "Rakkoon na mudate yeroon maagineticha biraa funyaankoo isa lamaffaa keessa kaa'eetti ture. Maaginetoonni qaawwa funyaankoo lamaan keessa jiran walharkisuun rakkoo qaqqabsiisan!" Haata'u malee, qorataan yunvarsiitii kun yeroodhaaf ofi tasgabbeessuu yaale. "Yeroo jalqabaa na miidhee ture, garuu baayyee muddamee hin turre," jedhe. "Yeroo [maaginetoota] sana baasuun rakkisaa ta'aa dhufetti garuu caalaa muddamuun jalqabe," jechuun rakkina keessa ture hima. "Isaan booda, wayita maaginetoota lamaan humnaan baasuuf yaalee garuu baasuu akkan hin dandeenye hubadheetti, rakkoo keessa akkan seenen bare." Yeroo kana hunda qorataan kun rakkoo ofirra geessisee kana ofumaan hiikuuf jecha yaalaa ture. "Pinsaan (qabduu) gara maaginetii funyaankoo keessa jiruutti ittuma fufee harkifame.
"Pinsaan (qabduu) gara maaginetii funyaankoo keessa jiruutti ittuma fufee harkifame. Humni funyaankoo harkisu ammoo baayyee dhukkuba ture." Yeroo rakkoo kanarra ga'u ture qorataan kun gara hospitaala isatti dhiyoo Meelbarnitti deeemuu akka qabaatu kan hubate. Akka carraa ta'ee ammoo hospitaalichi kan jaalalleen isaa keessa hojjettudha. "Doktoroonni jaalallee koo beekan yaaddeessaa miti jedhan. Natti kokkolfaa darbu ture. 'Maaginettiin maaliif funyaankee keessa keessee?!" jechuun na gaafatu. Akka carraa ta'ee wallaansa milkaa'aa argateera. Doktoroonni dhuma irratti maaginaticha funyaan isaa keessaa baasaniifii hospitaalaas bahe. Ammaaf hojii qorannoo isaa kana akka dhiisu kan dubbate saayintistiin kun. "Ani nan dhaaba jedheen yaada, namni anarra beekumsa isaa qabu itti fufsiisuu danda'a," jechuun kokkolfaa yaada qorannicha akka dhaabuu hima.
Koronaavaayiras: Indiyaatti COVID-19 to'achuuf nama manaa bahuu dhorkuun rakkoo biraa dhale Indiyaan lammileen ishii 1000 ol ta'an vaayirasii COVID-19'n qabamuu fi namoonni 27 du'uu erga ibsite booda tajaajila geejjibaa hunduma cuftee, namni akka manaa hin baane dhorkite. Lammilleen biyyattii manatti ugguramuusaanitiin rakkina isaanitti hammaate jalaa baqachuu eegalan. Lammilee biyyatti rakkachuu himatan keessaa tokko Gohutum Lal Meena jedhama. Mandara Kaaba bulchiinsa Rajastaan ollaa Gujaaraatitti argamutti kan godaaneef duraan hojii ijaarsaarratti hirmaatuun of jiraachisa ture. Otoo lammileen biyyatti mana akka turan hin labsamiin dura Gujuraat iddoo jedhamutti guyyaatti amma maallaqa biyyatti Ruuppii 400 ($5.34) argata. Kan argatu keessaas maati saaf ergaa ture. Indiyaan lammileen biyyatti guyyoota 21'f mana akka turaniif akeekkachisaa sa'aatiin 4 yoo hafu hojiirra akka oolfamu erga labsiteen booda garuu maallqani inni dafqee argatu harkaa one. Akeekkachisni Bitootessaa 24 kenname kun to'annoo Koronaavaayirasii dhaabuuf halkan qixxeen labsamuutu himame. Sababii kanaaf innis gara manaatti deebi'e. Lammileen magaalaa guddoo biyyattii Deelhii keessatti hojii humnaa hojjechuun jiraatan kumaatamaan lakkaa'aman erga labsiin kun labsamee booda gara ganda itti dhalataniitti galuuf jecha manaa bahani. Geejjibni waan hin jirreef, namni wal dhiibuufi iddoo tokkotti hedduummachuurraa kan ka'e rakkoon guddaan uumameera. Haalli ho'insa biyyatti keessaatti wayita dabalaa jirutti, obbo Meenaan cirraacharra kophee silippariin deema- tajaajilli geejjibaa cufaa waan ta'eef geejjiba dhabuu himata. Biskutii fi bishaaniifan du'a oole jedha. ''Halkaniif guyyaan deeme, filannoo maaliin qabas, maallaqas ta'ee waanin nyaadhu hin qabu'' jedhe sagalee addaan ciccituun rakkina isa mudate himata.
Isa qofaa miti kan rakkate, hojjattootni miliyoonatti lakka'aman kanneen magaalota biyyattirraa godaanan araddaa keessatti dhalataniitti deebi'uuf wayita yaalan rakkoof saaxilamaniiru. Hojjattoonni akka isaati kun garuu dinagdee magaalotaaf bu'uuradha. Manneen ijaaruu, soorata bilcheessuu,dhiyeessuu, Qaajjisa mataa(rifeensa) sirreessuu, konkolaataa suphuufi hojilee biroo irratti hirmaatu. Hojjattoonni kunis miliyoona 100tti kanneen lakka'amaniifi hiyyummaa baqatanii magaalaa keessa iddoo harka qalleeyyiin itti hedduummatan jiiraatu. Torban darbe keessa labsiin biyyattiin lammileen ishee akka manaa hin bane labsite namoota galii gadi aanaa qaban kana halkanuma tokkichaan gara godaantotaatti isaan geeddare. Iddoon hojiisaanii ni cufame, kontiraaktaroonni isaan qacaranillee fixeensa ganamaa ta'anii dhabaman. Torban darbe keessa daa'imman, dubartoonni fi dhiironni guyyaa guutuu karaarra imalaa turan. Ijoollee isaanii deemsa kanneen dadhaban maatiin isaanii gateettiitti baatu. Kaan isaanii waan nyaatan, bishaanii fi uffata shaanxaa (borsaatti) qabatanii deemu. Baay'een isaanii 'ni beelofnaa laata?' jedhanii yaadda'u- Maallaqa hin qabnu jedhanii himataa deemu. Gaazexaan biyyatti Indian Express jedhamu maxxaansa isaarratti mata duree "India is walking home" ykn 'Indiyaan mana miilaan adeemu' jedhee dhimma kanarratti barreessera. Godaansa akkasii kun waraanaa bara 1947 wayita biyyattiin Paakistaan waliin gargar baatu ture nama yaadachiisa. Bara sanatti namoonni miliyoona 15 kan godaanaan yoo ta'u, godaantonni miliyoonatti lakka'aaman bahaa fi dhiha Paaksitaanitti bubbisaa turusaanitu yaadatama. Yeroo sanatti hojjattoonni kumaatamatti lakkaa'aman manasaantti deebi'uuf beelaa fi dadhabbii wajjiin qabsoo jabduu keessaa seenan. Lammilee biyyatti manatti ittisuun weerara dhibee kana to'achuuf labsiin bahes rakkoo namoomaa qaqqabsiisutti ce'eera.
Lammilee biyyatti manatti ittisuun weerara dhibee kana to'achuuf labsiin bahes rakkoo namoomaa qaqqabsiisutti ce'eera.
Koronaavaayiras: Itoophiyaatti lakkoofsi namoota Covid-19n qabamanii 21 gahe Itoophiyaatti namoonni COBID-19 qabaman sadii dabalataan Dilbata guyyaa adda baafamuufi guyyuma kana galgala lamas qabamuu isaanii mirkanaa'uu Ministirri Fayyaa beeksiise. Kun ammoo lakkoofsi namoota Itoophiyaatti koronaavaayirasiin qabamanii 21 akka qaqqabu taasiseera. Namoonni lamaan Dulbata galgala akka qabaman mirkanaa'e kunneen dhiira umuriin isaa ganna 38 ta'eefi dubartii umuriin ishee ganna 35 taate akka ta'an ibsameera. Namoonni dhibee kanaan akka qabaman mirkanaa'e kun lamaan jiraattota magaalaa Finfinnee yoo ta'an, yeroo dhiyoo gara garaatti Dubaayitti deddeebiyaa akka turan ibsa Dr. Liyaan fuula Feesbuukii isaaniirratti baasaniin beekuun danda'ameera.Itoophiyaati lakkoofsi namoota Covid-19n qabamuun isaanii mirkanaa'e 21 qaqqabe Ministirri Fayyaa Dr. Liyaa Taaddasaa koronaavaayirasii ilaalchisuun haala Itoophiyaa keessa jiru ibsa fuula miidiyaa hawaasummaa isaaniirratti baasaniin saatii 24 darban keessatti qorannoo gaggeessaniin kan adda baafatan. Institiyuutiin Fayyaa Hawaasa Itoophyiaa sa'aatii 24 darban keessa namoota 87 irratti qorannoo taasiseen namoota sadii irratti vaayirasiin argamuun isaa mirkanaa'eera. Dhukkubsattuun jalqabaa lammii Itoophiyaa kan umuriinshee waggaa 26 ta'e yoo taatuu, A L I Bitooteessa 8 Biraaselsirraa dhuftee Bitooteessa 10, 2012 gara Kaameeruun kan imalte ta'uu barameera. Isaan booda mallattoo dhukkubbii waan irratti argameef gara dhaabbata fayyaa deemuun qorannoo taasifteen dhaabbatichi Institiyuutii Fayyaa Hawaasaatiif gabaasuun barame. Namoonni lamaan ammoo miseensa maatii tokkoo kan umuriin waggaa 14fi 48 ta'an yoo ta'u, nama kana dura magaalaa Adaamaatti vaayirasichi irratti argame waliin tutuqqaa qaban ta'uun isaanii ibsameera.
Namoonni lamaan ammoo miseensa maatii tokkoo kan umuriin waggaa 14fi 48 ta'an yoo ta'u, nama kana dura magaalaa Adaamaatti vaayirasichi irratti argame waliin tutuqqaa qaban ta'uun isaanii ibsameera. Namoonni kunneen mallattoon vaayirasichaa irratti mullachuu baatulleen, namoota kanan dura Adaamaarraa vaayirasiin irratti argame waliin waliitti dhiheenya waan qabaataa turaniif jecha adda baafamuun akka turan taasifamanii hordoffiin taasifamaafii ture. Jarri kunis Bitooteessa A L I 19, 2012'ti qorannoo laaboraatorii taasifameefiin vaayirasichi irratti argamuun mirkanaa'eera. Dubbi himaan Ministeera Fayyaa Dr. Taganee Raggaasaa BBC'tti akka himanitti miseensonni lama maatii tokko kessaa koronaavaayirasiin qabaman kunneen miseensa maatii nama umuriin isaa ganna 61 ta'e kanaan dura guyyoota muraasa dura magaalaa Adaamaatti dhibee kanaan qabamuun isaa mirkanaa'eti. Akka dubbi himaan itti dabaluun namani jalqaba Adaamaatti qabamuun isaa mirkanaa'e kun Faarmaasistii yoo ta'u namoonni isaafi maatii sana waliin walitti dhufeenya qabaatan hordofamaa jiru. Namni umuriin waggaa 14 ta'e Itoophiyaa keessatti koronaavaayirasiin qabamuun hanga ammaatti umurii gadi aanaadha. Dhibeen kun gara jalqabaa miidhaa inni daa'imman irratti qabu gadi aanaadha jedhamus, yeroo ammaa daangaa umurii osoo hin kaa'iin miidhaa jira. Ameerikaatti dhalattuun reefuu sababa dhibee koronaavaayirasiin yeroo jalqabaa akka duutes dhaga'ameera. Dhalattuun Ameerikaa kun kutaa bulchiinsa Chikaagootti yeroo qoratamee turetti koronaavaayirasiin qabamuun mirkanaa'uu isaa Daarektarri Fayyaa Hawaasaa Illiinooy Dr. Nigoozii Iziikeen dubbataniiru. "Dhibee kanaan walqabatee hanga ammaatti du'aatiin nu hin mudanne ture. Sababii du'aatii daa'ima kanaas hubachuudhaaf qorannoon guutuun taasifamaa jira," jedhan doktarichi.
Koronaavaayirasii: Qajeelfama hojiirra oolchuu irratti baay'ee nu hafa jedhan Pirezidant Saahilawar Zawudee Pirezidantiin Itoophiyaa Saahilawarq Zawudee ummanni dhukkuba koronaavaayirasii ittisuuf qajeelfamoota darban ammallee guuttuutti raawwachaa hin jiru jechuun qeeqan. Fuula tiwiitaraa isaanii irratti barreessaniin magaalaa Finfinnee keessa naanna'anii akka taajjaban ibsaniiru. ''Har'a Finfinnee keessa naanna'en ture. Qajeelfama hojiirra oolchuurratti baay'e nu hafa. '' Vaayirasiin nubira hin gahu kanneen jedhan waan amma irra jiran hubachuun of dagachuu hin qabnu,'' jedhaniiru . Dabalanis, tarii qorannoon bal'aa yeroo taasifame kan kan caalu akka argamu akeekuun himan. ''Qorannoon bal'inaan waan hin taasifamneef haala sirrii jiru waan hin ilaalleef,'' jechuun ummanni sadarkaa biyyaatti qindoomee akka qophaa'u dhaaman. Itoophiyaati hanga yoonaa namoonni 12 dhukkuba kanana qabamuun isaanii yeroo mirkanaa'u afur bayyanatun isaanii ibsameera. Hanga yoonaa kan du'e jiraatuu baatus lammiileen Itoophiyaa lama biyya Xaaliyaanitti du'un isaanii himameera. Gama kaaniin, Ministirri Geejjibaa Itoophiyaa Daagmaawwit Moogas tatamsa'ina koronaavaayirasii karaa to'achuun danda'amu irratti hoggantoota geejjibaa naannolee waliin mari'ataniiru. FBC'n akka gabaasetti mariin kuni karaa viidiyoo taasifame. Itoophiyaa keessa maloota akka addunyaatti dhukkuba koronaavaayirasii ittisuuf kaa'aman keessaa Itoophiyaa keessa hojiirra oolchuun kan rakkisu akka jiran MM Abiy AHimad ibsanii turani. Barreeffama barruu 'Financial Times' irratti barreessaniin namoonni walitti dhihaatanii jiraachuun akkasumas hanqinni bishaan qulqulluu rakkoo akka ta'u danda'u eeran. Ministir Di'eetaan Ministeera Fayyaa biyyattii Dr Darajjee Dhugumaan gama isaaniin ummanni haala walqixaan dhukkubicha irratti hubannnoo dhabuun isaa rakkoof saaxiluu akka danda'u himanii turan.
Ministir Di'eetaan Ministeera Fayyaa biyyattii Dr Darajjee Dhugumaan gama isaaniin ummanni haala walqixaan dhukkubicha irratti hubannnoo dhabuun isaa rakkoof saaxiluu akka danda'u himanii turan.
Itoophiyaan tatamsa'ina dhukkuba kanaa to'achuuf daangaa ishee lafaa kan cufte yoo ta'u birriin biiliyoona 5'illee ramadamuu MM Abiy Ahimad kaleessa beeksisaniiru.
Koronaavaayiras: Dhibeen kun dogongora Eeshiyaa ykn kan Ameerikaa miti, jedhan Donaald Tiraamp Pirezdaantiin Ameerikaa Donaald Tiraamp Koronaavaayirasiin 'vaayirasii warra Chaayinaati" jechuu isaaf erga qeeqamee booda, amma lammileen Eeshiyaa Amerikaa ta'an weerara kanaaf itti gaafatamuu hin qaban jedhe. Lammileen Eeshiyaa Ameerikaa 'namoota gaariidha' jechuun kan jaje Tiraamp "isaaniin kunuunsuun keenya hedduu barbaachisaadha" jedha. Pirezdaant Tiraamp kana kan dubbatan weerara kanaan wal qabate namoota Eeshiyaa irratti yeroo arrabsoofi haleellaan baayyachaa dhufeettidha. Koronaavaayiraasiin ammallee Ameerikaa keessa babal'achaa kan jiru yoo ta'u namootni 43,000 qabamanii 533 ammoo lubbuun isaanii darbeera. Konfiraansi oduu to'annoo koronaavaayirasii Whaayit Howusitti Wiixata qophaa'ee irratti Tiraamp "Hawaasaa eeshiyaa Ameerikaa US keessa jiraniifi addunyaa keessa jiran hunda kununsuun keenya baayyee barbaachisaadha" jedheera. "Isaan namoota gaariidha, weerarri vaayirasii kanaa ammo karaa kamiinu balleessa isaani miti. "Vaayirasicha dhabamsiisuuf nu waliin walitti siqeenyaan hojjeechaa jiru -walumaan ammo hundi keenya ni mo'anna." Amma maaliif kana akka dubbatee irratti gaaffii dhiyaateef irratti Tiraamp: "Lammilee Eeshiyaa Ameerikaa irratti haasaan waan akka arrabsoo biyyaa keenya keessatti argamaa jira, animmoo kana tasumaan hin jaalladhu" jedheera. "Namoota baayyee gaariidha, biyyaa keenya ni jaallatu kanaaf ani kana hin eeyyamu." Ibsa midiyaaleef torban darbe kennan irratti Pireesdant Tiraamp jechoota "Vaayirasii Chaayinaa" fi "Vaayirasii lammilee Chayinaa" jedhu yeroo fayyadameetti gaazexessitoonni jechooti kun jibbaa sanyumma of keessa qaba jedhaniinis yaadicha hin garuu inni hin simanne. "Chaayinaa irraa dhufe," kan jedhe Tiraamp itti fufuun "Kun tasuma jibba sanyummaa miti," jedheera.
"Chaayinaa irraa dhufe," kan jedhe Tiraamp itti fufuun "Kun tasuma jibba sanyummaa miti," jedheera. Dhaabbatnii Fayyaa Addunyaa yeroo dhibee tokko ibsanitti "hawaasa tokko addatti looguu" kan dhorku qajeelfama baaseera.
Koronaavaayirasii: Tiraamp Faasikaatti Ameerikaan dhukkubicha keessaa akka baatu abdachuu himan Pirezidantiin Ameerikaa Tiraamp Ayyaana Faasikaa dhufaatti biyyisaa rakkina koronaavaayirasii keessaa akka baatu akka abdatan himan. Haa ta'u malee, bulchaan magaalaa Niiw Yoorki garuu dhukkubni addunyaa yaaddesse kuni saffiisaan babal'ataa jiraachu akeekkachiisani. Obbo Tiraamp biyyattii jalqaba baatii dhufaatti deebiisanii saaquun 'yeroo bareedaadha' jedhaniiru. Jechi abdii Tiraampi kunis kan dhufe erga Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa (WHO) Ameerikaan dirree balaa dhukkubichaa akka hintaaneef akeekkachiseen booda turre. Ameerikaanis namoonni gara kuma 55 ta'u qabamuu kan galmeessite yoo ta'u, namoonni gara 800 ta'a ammoo du'an. Walumaa galatti, addunyaarratti namoonni gara 420, 000 ol ta'u qabamuun kan himamee yoo ta'u, kan 19,000 ta'anis du'aniiru. Kaleessa guyyaa Kibxataa Tiraamp Oduu miidiyaa 'Fox'ti akka himeetti, biyyattiin Faasikaatti jechuunis Ebla 12'tti bakka ishee duraatti akka deebitu abdachuu hime. Obbo Tiraampi akka jedhaniitti, ''Dhiheenyatti waluma jalaan saaqaa adeemna... tibba Faasikaa dhufaatti biyyattiin akka saaqamtee bakka isheetti deebituun argu barbaada.'' Itti dabaluunis, ''Faasikaan anaaf yeroo addaatti. Isin ammoo biyyattii guutuutti waldaalee saamsitanii jirtu.'' Kana malees biyyatti daldalaaf deebiitee saaqamtu malee dinagdeen rakkoo cimaa keessa kan galu ta'u akeekkachisaniiru. Pirezidantichi akka jedhaniitti: ''Namoota dhabuuf deemtu. Namoonni hedduun ofiin ofi ajeessuuf deemaa jiru. Wantoonni hedduun isin mudachuuf deemaa jira. Tasgabbii dhabiinsi isin mudachuuf adeemaa jira.'' Haasaa Waayiti Haawusiitti taasisani kanaanis ''dhuma taatee kanaatti ifa argaan jira.''
Haasaa Waayiti Haawusiitti taasisani kanaanis ''dhuma taatee kanaatti ifa argaan jira.'' Kanaafuu murteen keenya waan qabatamaafi odeeffannoo irratti kan hundaa'eedha jedheera. Haa ta'u malee, magaalaa Niiw Yoorki keessatti namoonni kuma 25,000 ol ta'an koronaavaayirasiin kan qabaman yoo ta'u, kunis walakkaa lakkoofsa namoota biyyattiitti qabamanidha. Naannoon Magaalaa Niiw Yoork madda koronaavaayirasii haaraa dhibbantaa 60 ta'u himama.
Sababoota shan dinagdee Chaayinaa rakkoo keessa galchan Chaayinaa haaluma tarsimoo Zero- Covid jedhamu hordofuu wayita eegaltee fi fedhiin addunyaa dadhabaa wayita jiru kanatti diinagdeen ishee gadi bu'aa jiraachu ragaaleen ni mul'isu. Gabaasi diinagdee Adoolessaa hanga Fulbaanaa torban dhufu keessa ibsama jedhamee eegama. Yoo dinagdeen addunyaa irratti isa guddaa lammaaffaa ta’e miidhameera ta’e, carraa rakkoo diinagdee addunyaa guutuutti uumamu malu ni dabala. Galmi guddina diinagdee Chaayinaa – waggaa %5.5 akka ta’u kan eegamu amma waan dhugoomu hin fakkaatu, ta’us angaa’onni fedhii galma kana milkeessuu qaban akka waan salphaatti kaasanis jiru. Kufatii diinagdee gabaasa Ebla fi Waxabajjii gidduu Chaayinaan xiqqoomaan irraa oolte. Waggaa kana, oggeessoti diinagdee guddinni ni jiraata jedhanii hin eegani. Biyyattiin akka US fi UK kufaatii diinagdee guddaa keessaa hin jirtu ta’us garuu rakkoo biroo qabdi. Warshaa meeshaalee addunyaa kan taate biyyattiin meeshaalee isheef biyya keessaa fi alattis lakkoofsi maamiltoota ishee hir’isaa jira. Rakkoon daldalaa Chaayinaa fi biyyoota dinagdeen badhaadhan akka US gidduu jirus, guddina ishee irratti rakkoo uumaa jira. Dabalataanis gatiin sharafaa maallaqa biyyattii yuwaan waggootii dheeraa keessatti haala hamaarra jira. Rakkoowwan kunneeniif sababa kan ta’an maali? Weerarri Covid maagalota warshaa akka Shenzen fi Tiyaajin dabalatee magaloota hedduu keessatti argamuun isaa, sochii diinagdee industiroota hedduu miidheera. Dabalataanis namoota wantoota akkaa nyaataa fi dhugaatii, bitaa miyaa ykn turizimii irratti maallaqa baasaa waan hin jirreef tajaajiloota gurduddoo irratti miidhaa uumeera. Gara omishaan, sochiin warshaalee Fulbaanaa keessaa deebi’ee kan ol ka’e fakkaata, akka Waajjirii Istaatistikii Biyyaalessa jedhutti.
Ogeessonni mootummaan dinaagdee guddisuuf caalatti hojjechuu qaba jedhanii ammani, ta’us gatuu hanga zero Covid xumuramutti sababni kana itti godhan xiqqaadha. “Yoo daldallii hin babal’atu ta’e ykn uummatni maallaqa hin baasan ta’e, diinagdee keenyaa irratti maallaqa baasuun bu’aa hin qabu,” jedha dhabbata S&P Global Ratings irraa oggessii dinaagdee olaanaa Eeshiyaa, Luwiis Kuujis. Mootummaan jidduu seenuun Hagayya keessa daldaloota xixiqqoo, guddinaa fi ijaarsa manneenii guddisuuf akka doolara biiliyoona 203 baasuu beeksisee ture. Ta’us garuu angaa’otni galma guddinaa ga’uu fi hojii uumuuf maallaqi dabalataa akka ramadamuu gochuu qabu. “Dadhabbii diinagdee kanaaf deebiin mootummaa ga’aa miti kan yeroo biraa dadhabbii diinagdee ol kaasuuf waan godhaniin yeroo madaalamu,” jedha Obbo Kuujis. Mootummaan jidduu seenuun Hagayya keessa daldaloota xixiqqoo, guddinaa fi ijaarsa manneenii guddisuuf akka doolara biiliyoona 203 baasuu beeksisee ture. Ta’us garuu angaa’otni galma guddinaa ga’uu fi hojii uumuuf maallaqi dabalataa akka ramadamuu gochuu qabu. “Dadhabbii diinagdee kanaaf deebiin mootummaa ga’aa miti kan yeroo biraa dadhabbii diinagdee ol kaasuuf waan godhaniin yeroo madaalamu,” jedha Obbo Kuujis. Kun ammo dinagdee guddaa miidheera sababni isaas ijaarsa manneenii fi industirooti biroo isatti gumachaan Galii waliigalaa waggaa (GDP) Chayinaatti harka sadii gumaachu. “Yeroo gabaa manneenii irratti amantaan jiru hir’isu, namootni haala diinagdee walii galaa irratti shakkii akka qabaatan taasisa,” jedha Obbo Kuujis. Fedhiin manneen haaraa bitachuu irra jiru waan hir’iseef, kun gabaa mi’a ijaarsaa biyya alaatii galchuu irratti miidhaa uumeera. Haalli qilleensaa hamaa industirii Chaayinaa irratti dhiibbaa yeroo dheeraaf turu uumeera.
Ho’iinsi hamaa, gogiinsaan hordofamee dhufe bulchiinsa Sichuwaan fi Chongqiing keessa Hagayya miidhaa uumeera. Akka fedhiin maashinii ho’iinsa to’atuuf dabaletti, fayyadamni elektirikii naannichaa humnaan ol dabaleera. Warshaaleen gurguddoo, kan akka warshaa iPhone omishuu Foxconn fi Teslaa, sa’atii fayyadamama elektirikaa isaanii akka hir’isan ykn guutummaatti cufaniif gaafatamaniiru. Waajjirri Istaatistikii Chaayinaa, Hagayya keessa bu’aan industirii ayiranii fi sibilaa qofti, ji’oota torban bara 2022 keessatti kan bara duraan yoo madaalamu %80 oliin hir’iseera. Boodarra mootumman dhabbilee annisaa fi qonnaan bultoota gargaaruuf doolara biiliyoona hedduu baaseera. Dhiibbaa mootummaan dhabbilee teeknooljii gurguddoo irratti waggoota lamaan darbaniif uumaa jiru, haala kan hin fooyyeessine. Jalqaba wagga kanaatti dhibbileen akka Tencent bu’aan isaa %50’n yoo kufu, galiin Alibaba ammo walakkaan hir’iseera. Hojjettoonni dargaggoo kuma kudhaniin lakkaa’aaman hojii isaanii kan dhaban yoo ta’u kun ammo rakkoo hanqina hojii jiru kan dargaggoota umurii ganna 16 hanga 24 jiran shan keessa tokko hojii hin qabneetti dabaleera. Kun ammoo oomishaa fi guddina Chaayinaa yeroo dheeraaf miidhuu danda’a. Dabalataanis invastaroonni jijjirama Chaayinaa keessa jiru hubataniiru. Dhabbileen mootummaa akka milkaa’aa deemanitti, invastaroonni biyya alaa maallaqa isaanii baasuu dhiisaa jiru. “Murteewwaan investimanii tokko tokko achi siqsamaniiru, dhabbileen biyya alaa kaan ammo oomisha isaani biyyoota biraatti geessuuf barbaada jiru jedha,” gabaasi S&P Global Ratings dhiyeenya ba’e. Addunyaan Chaayinaan akka durii daldalaaf banaa ta’uu dhisuu ishee baraa jiru ta’us garuu Pirezdaant Zhiin waggootiin dheeraaf milkaa’ina diinagdee Chaayinaa guddisee ture balaarra kan kaa’ee jira.
Addunyaan Chaayinaan akka durii daldalaaf banaa ta’uu dhisuu ishee baraa jiru ta’us garuu Pirezdaant Zhiin waggootiin dheeraaf milkaa’ina diinagdee Chaayinaa guddisee ture balaarra kan kaa’ee jira.
'Addunyaan Chaayinaa barbaaddi' jedhan Shiin marsaa sadaffaa pirezidantii ta'uu yoo ibsan Pirezidantiin Chaayinaa Shii Jiinpiing marsaa sadeessoof pireezidantii biyyattii ta'uu fi garee hooggansa isaanii olaanoo yoo beeksisan ''addunyaan Chaayinaa barbaaddi'' jedhan. Haasaa miidiyaaf godhaniin Shiin namoota ijoo mootummaa isaanii cinaa jiran beeksisuun cinatti diinagdee addunyaarraa qollifaa jirtii wayita jedhamutti egereen Chaayinaa garam akka imalu akeekaniiru. Chaayinaan addunyaan adda cittee hin guddattu, addunyaanis Chaayinaa feeti'' jedhan. ''Waggoota 40'f duula walirraa hin cinne rifoormii fi diinagdee banaa gochuuf godhameen dinqiiwwan lama galmaahaniiru- guddina diinagdee saffisaafi tasgabbii hawaasaa yeroo dheeraa.'' Dhaabni isaanii amantaa irraa qabaachuuf galata kan dhiyeessan Shiin, biyyattiin galma hawaasa badhaadhe horachuuf qabattee milkeessiteetti jedhan. Fuulduratti ammoo kaayyoon qaban Chaayinaa gama hundaan biyya sooshaalistii ammayyaa gochuu ta'uu dubbatan. Kanaafis amantaa guddaan horatameera jedhan. Paartiin Koministii Chaayinaa yaa'ii isaa Sanbata kan xumure yeroo ta'u Shiin dura taa'aa akka ta'u murteessuu isaatiin marsaa sadaffaaf pireezidantii biyyattii ta'uun bulchuuf hiree argatan. Shiin miseensota koree mootummaa isaanii keessatti aangoo olaanaa qabanii torba ifa godhan keessatti Ministirri Muummee duraanii Kee Kiyaang kaafamanii Lii Kiyaangiin bakka buufamaniiru. ''Koreen koo haaraan warruma beekamaniidha'' jechuunis miidiyaaleetti dubbatan. Koreen namoota torbaa kun hunduu dhiira, umriin ganna 60 olidha. Koree 'politburo' jedhamu kan koreelee dhaabbii hooggananiifi miseensa 25 qabu keessattis dubartiin tokko hin jirtu. Shiin jalqaba hoogganaa paartii biyya bulchuu ta'uun filatamanii carraa pireezidantummaa kan argatan bara 2012 ture.
Shiin jalqaba hoogganaa paartii biyya bulchuu ta'uun filatamanii carraa pireezidantummaa kan argatan bara 2012 ture. Yerosis kayyoon isaanii Chaayinaa biyya jabduufi humna qabeettii gochuu akka ta'e dubbatanii turan. Shiin Pirezidantii biyyattii ta'uun cinaatti ajajaa humna waraanaa biyyattii, Waraana Bilisummaa Uummata Chaayinaatis ta'aniiru.
Caccabaan rookkeettii Chaayinaa dacheerratti kufuuf deemaa jira Caccabaan rookkeettii Chaayinaa to'annoon ala haala ta'een sambattan kanatti gara dacheetti deebii'uuf ta'uun himame. Haata'u malee carraan cacabaan kun bakka namoonni itti baayyataniitti kufuu gadaanaadha jedhame. Gochaan kunis biyyoonni rookkeetti gara samiitti furgigsan hangam faalamu hawwaatiif itti gaafatamummaa fudhatu kan jedhurratti gaaffii kaaseera. NASAn kana dura ejjansiin hawwaa Chaayinaa haaluma adeemsa idil-addunyaatti akka rookkeettiiwwan isanii yoo gara lafaatti deebii'aniitti bakka xixiqqootti akka cacaban taasisaniif gaafate ture. Rookeettiin tibbana gara buufata hawwaa Chaayinaa kan hin xumuramiinitti imalaniifi Ti'aangoong, jedhamu, to'atamuun akka gara lafaatti deebi'u gochuun hin danda'amne. Motummaan Chaayinaaguyyaa Roobii akka jedheetti, cacabaan rookkeetii gara dacheetti deebii'u waan galaana gubbaa hin qubanneefu bakka ta'eetti balaa muraasa qaqabsiisuu danda'a. Haata'u malee cacabaan kuni naannawa namoonni jiraatan irras qubachuuf carran ni jiraata ta'a, akkuma kana dura wayita qabeenyaa Ayivoorii Koosti kan ta'e barbadeeffameetti Caamsaa 2020 taatee wal fakkaatu mudate ture. Qaamni rookkeettii duwwaa ammatti orbiitii irra Dachee marsaa jira waan ta'eef akka deebii'e lafarra qubatuuf harkifameera. Garuu ammoo bakka irra qubatu to'achuun hindanda'amne jedhameera.\nAkka Korporeshinii Aerospace, dhaabbata mit-motummaa Kaaliforiniyaatti bu'ureeffateetti, cacabbaan rookkeetii kanaa Dilbata gara sa'aatii biyyaatti 00:24 GMT irratti lafaarra qaqaba. Bakkeen cacabaan rookkeettii toonii 25 sun eessa akka qubatu tilmaamuun ammatti rakkisaadha. Bakki cacabaan rookeettii kanaa itti kufuu danda'us tarii Ameerikaa, Awustiraaliyaa, Biraaziil, Indiyaa fi Kibba baha Eshiyaa ta'u mala akka korporeshinichi tilmaameetti.
Bakki cacabaan rookeettii kanaa itti kufuu danda'us tarii Ameerikaa, Awustiraaliyaa, Biraaziil, Indiyaa fi Kibba baha Eshiyaa ta'u mala akka korporeshinichi tilmaameetti.
Dawwannaa Peeloosii hordofee Chaayinaan naannoo Taayiwanitti Shaakala waraanaa eegalte Angawaan Ameerikaa Naansii Peloosin Taayiwaan erga daawwwattee booda Chaayinaan naannoo Taayiwaanitti shaakala waraanaa guddaa gaggeessuu eegalte. Shaakalichis galaana Taayiwaan biratti gaggeeffamaa kan jiru. Taayiwaan gamasheetin Chaayinaan haala siyaasa (status quo) naannicha ture jijjiiruf dhama'aa turte jechuun himatti. Daawwannaan Peelosiin biyya Chaayinaan akka bulchiinsa mataasheetti ilaaltuutti taasiftee Chaayinaa aarsuun gara shaakala waraanaatti geesseera. turte. Chaayinaan oddoola kana akka qaama isheetti ilaalti. \n\nShaakalli Chaayinaan naannoo Taayiwaanitti taasiftu kun daawwannaa Pelositiif deebii kennuu yoo ta'u kanaan dura naannoo Taayiwaanitti shaakala waraanaa guddaa akkasii karoorsitee hin beektu. Chaayinaan daldala Taayiwaan wajjin taasiftus muraasas uggurtee jirti. Beejing akka jettetti, shaakalli waraanaa kun kan gaggeeffamu naannoo bishaan daangaa Taayiwaanitti yoo ta'u dhukaasa fageenya dheeraa fa'aas of keessaa kan qabuudha. Waraanni Taayiwaan Chaayinaan maqaa shaakalaatiin haala siyaasaa naannicha ture jijjiiruuf yaalaa jirti jedhan. ''Nuti mudamni kamuu akka uumamuu hin barbaadnu, garuu yoo inni walabuummaa fi nageenyaa keenyatti dhufuutti dhaabbannee hin ilaaluu'' jedhan Ministirii Raayyaa Ittiraa Taayiwan karaa toora tiwitaraatiin. \n\nIbsa addaatiin ammoo, ministirri raayaa ittisaa Taayiwaan dudhaa 'waraanaa osoo hin barbaanne waraanaaf qophaa'uu'' hojiirra oolchina jedhan. Kanaanis walitti bu'iinsa ni dhorkina jedhan. \n\nGuyyaa Kamisaa, Ministeerri Dhimma Alaa hawaasni addunyaa Chaayinaan sochii waraanaa ishee akka dhaabduuf akka gaafatuuf waamicha taasisan.
Shaakala Chaayinaan taasiftu kanaan daandin bishaan irraa fi qilleensaa cufamuu waan maluuf dooniwwan daandii biraa akka fayyadaman Taayiwaan biyyoota akka Jaappani fi Filiippins wajjin dubbataa jirti. Rooobii gaafa 03, 2022 Taayiwaan xayyaarota waraanaa Chaayinaa daangaa ishee seenan ofirraa faccisuuf xayyaarota waraanaa ishee bobbaasun sodaachistee akka turte beeksiftee jirti. Xayaaronni Chaayinaa kun oddoolawwan Kiinmen kan daangaa Chaayinaatti dhiyoo argaman seenanii turan. \n\nMootummaan Taayiwaan akka jedhetti, ministeeronni heddu haleellan saayibarii isaan mudateera. Gorsaan Nageenya Biyyoolessaa US kan ta'an Jeek Sulivaan ammoo, shaakalli waraanaa Chaayinaan taasiftu itti gaafatamummaa kan hin qabnee fi toa'annoon ala ta'uu mala jedha. Jaappanis gama isheetin dhimma naannoo Chaayinaan shaakala waraanaa itti gaggeessituu irratti yaaddoo qabdu ibsitee jirti. Sababni isaa bakki Chaayinaan shaakala itti gaggeessitu naannoo daangaa Chaayinaa wajjin irratti wal dhaban waan of keessatti qabatuufi. Naannon kun naannoo diinagdee addaa (EEZ) jedhamuun kan beekamuu yoo ta'u, abbummaa isaa irratti oddolawwan Jaappan kan kooti jettee Chaayinaa fi biyyoota ollaa biroo wajjin irratti wal falmaniidha. Oduu himaan mootummaa Chaayinaa Huwaa Chunying deebii kenneen, EZZ Jaappaan waanti jedhamu akka hin jirre dubbate. \n\nMiidyaa Chaayinaa tokko akka gabaasetti gaafa Roobii 03, 2022 akka gabaasetti lammiin Taayiwan nageenya biyyoolessaa Chaayinaatif yaaddoo ta'e jedhamee shakkame tokko bulchiinsa Zeejiyaang keessatti to'annaa jala oolera. Gaazexeessan BBC Taayiwaan irraa gabaasu Ruppeert Wingfiild akka gabaasetti, shaakalli waraanaa guddaan naannolee daangaa Taayiwaan adda bahan jahatti Chaayinaan gaggeessuf jirtu kun har'a 04, 2022 kan eegalu yoo ta'u guyyoota afuriif itti fufa.
Gaazexeessan BBC Taayiwaan irraa gabaasu Ruppeert Wingfiild akka gabaasetti, shaakalli waraanaa guddaan naannolee daangaa Taayiwaan adda bahan jahatti Chaayinaan gaggeessuf jirtu kun har'a 04, 2022 kan eegalu yoo ta'u guyyoota afuriif itti fufa. Bara 1996 yeroo muddamni cimaan Chaayinaa fi Taayiwaan gidduutti uumame waanuma bifuma wal fakkaatun shaakala gaggeessitee turte. Ergasiin booda naannoleen adda bahan jaha daandaa bishaan Taayiwaanin ala akka ta'an godhame. Shaakala ammaa kanaan bakkeewwan jahaan adda bahan keessaa sadan isaanii maayila 12 dangaa Taayiwanitti kan seenaniidha. Ministeerri Ittisaa Taayiwaan akka jedhetti, sochii Chaayinaan taasiftu labsiiwwan UN kan cabsuudha. Kuni ammoo daandii qilleensaa fi galaana irraa oddoola Taayiwanitti cufuu mala jechuun ibse ministeerichi. Chaayinaan dooniwwan yookin xayyaarota waraanaa daangaa Taayiwaan keessa seensift taanan, akka Taayiwaan weeraruutti ilaalama. Kuni ammoo Taayiwaan dirqamtee akka of ittisuuf tarkaanfii fudhattu ishee taasisa. Humni galaana US sochii Chaayinaa kana dhiyeenya irraa ilaalaa jira. US doonii waraanaa guddicha USS Roonad Reegan jedhamu naanoo Galaana Filiippinsi jiru dursitee bobbaastee jirti.
Chaayinaan mirga Muslimoota Uyiguur sarbuu mirkaneeffadheera-UN Chaayinaan dhiittaa mirga namoomaa Zhinjiyaang keessatti geeggessuu Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii (UN) mirkaneeffadheera jedhe. UN mootummaan Chaayinaa “sarbamiinsa mirga namoomaa cimaa” geeggesaa jirti jechuun qorachaa turuun gabaasa dhiyeesse. Chaayinaan Kaaba-Lixa biyyattii mooraa Zhinjiyaang ijaaruun Muslimoota Uyiiguur achitti ukkaamsitee mirgasaanii sarbaa jirti jedhamuun baayyee himatamti, isheen garuu himata kana waakkatteetti. Asiin dura gabaasni kun akka gad hin dhiifamne Chaayinaan UN gaafattee turte. Akka Chaayinaan jettutti, gabaasichi oduu sobaa mootumoonni lixaa uumaniidha. Hataa’u malee, qorattoonni miidhaan geeggeffame ‘yakkoota sanyii dhala namaarratti raawwatamaniin’ kan wal simu ta’uu ‘ragaa amansiisaa’ qabachuu himan. Chaayinaan seera nageenyaa biyyaalessaa kan qabatamaa hin taanetti fayyadamuun hawaasa xiqqaa ta’an addatti foyee garmalee hidhuun himatamti. Gabaasa UNtti Komishinara Olaanaa Mirgoota Namoomaatin ajajame kana keessatti, hidhamtoonni jal’inni hedduun isaan irratti raawwatamuu himan. Achittis reebichi hamaan, haleellaan saal-quunnamtii, humnaan qorannoo yaalii fayyaa irratti geeggeessuu, hojii humnaa oliin hiraarsuu, dubartoonni akka dhala hin godhanne gochuu fi miidhaan biroo irra ga'aa jira jechuu gabaasichi ni argisiisa. Namoonni seera malee bilisummaa isaanii dhaban kunneen akka gad dhiifaman Chaayinaan tarkaanfiiwwan atattamaa fudhachuu qabdi jedha UN. Dabalataan, gochi Chaayinaa kun yakkoota idil-addunyaa dabalatee yakka haleellaa dhala namaarratti raawwatamu ta’uu ibse. UN lakoofsa namoota mootummaan hidhamanii beekuu baatus, dhaabbileen mirgoota namoomaa, namoonni miliyoona tokkoo ol Kaaba-Lixa biyyattii mooraawwan Zhinjiyaang keessatti hidhamuu hima.
Kongirasiin hawaasa Uyiguur, kan dhaabbilee 60 of keessaa qabu gabaasa kana simatanii, ummanni addunyaa dafani akka deebii kennan gaafatan. “Kuni rakkoo hawaasa Uyiguur irratti jijjirama guddaa kan fidudha, kanaaf ummanni addunyaa irratti xiyeeffachuu qaba,” jedha geeggeessaan mirga hawaasa Uyiguur Omer Kanat. “Mootummaan Chaayinaa waakkachaa turus, amma UN dhugaa jirtu baasuun, sarbamni mirga namoomaa hammaan isaan raawwachaa turan mul’ateeraa.” Kutaa biyyaa Zhiinjiyaang Kaaba-Lixa, Chaayinaa keessa hawaasni Uyiguur miliyoona 12 ta’an, hedduunsaanii Musliimotadha. UN garuu namoonni Musliima hin ta’iin, akkasumas dhimmaa gabaasa keessa jiru kanaan miidhamuu mala jedha. Asiin dura biyyoonni hedduun gochi Chaayinaa kun yakka duguuggaa sanyii tahuu ibsan. Chaayinaan kan gabaasa kana duraan argite garuu himanna miidhaa geeggesuu waakkachuun- mooraan ijaarame bakka itti akkaataa shororkeessitoota qolatan itti barataniidha jette. Jilli chaayinaa kan mana-maree mirga namoomaa dhaabbata UN Jeneevaatti ergaman argannoo gabaasa kana fudhachuu diduun, gabaasichi Chaayinaa kan ‘maqaa balleessuu’ fi dhimma dhuunfaa biyyattii kan gidduudha jedhan. “Wanti hojjetame kun dhugaa jiru kan hin hubanneefi gabaasa siyaasaa kan yaadaa US, biyyoota lixaafi kanneen Chaayinaa jibban guutummaatti ibsuudha,” jedha ibsi Chaayinaa. UNtti Komishinarri Olaanaa Mirgoota Namoomaa waggoota afuriif kan turte Michelle Bachelet gabaasa kana guyyaa hojiishee xumurtu baafte. Bulchiinsashee jalaatti sarbamni mirga namooma hawaasa Uyiguur irratti raawwatamuuf bal’inaan kan himatamte yoo ta’u, isheenis himanna duguuggaa sanyii waggaa tokkoo ol qorachaa turte. Garuu maxxanfamni isaa yeroo dheeraaf kan ture. Gareen mirgoota namoomaa kan biyyoota lixaa jiran, ragaan akka dhokfamu Chaayinaan ishee gaafateetti jechuun himataa turan.
Yeroo dhumaa kan gabaasichi maxxanfames, Chaayinaan akka inni gad hin dhiifamne dhiibbaa cimaa ishee irra ka’uu dubbatti Bachelet Kamisa darbe gabaasichi akka hin maxxanfamneefi gad hin dhiifamne dhiibbaan cimaan irra gahuu ibsite. Haata’u malee, tursiisuun gabaasichaa Chaayinaa mariisisuu malee yakka raawwatamee awwaluu miti jetti. Chaayinaatti daayireektara Hiyumaan Raayit Wooch kan taate Sophie Richardson argannoon gabaasichaa waan Chaayinaan maxxansaasaa yeroo dheeraaf mormaa turte argiisaa jetti. “Manni maree mirga namoomaa dhaabbata UN gabaasa kanatti fayyadamee mootummaa Chaayinaarratti qorannoo yakkaa dhiittaa mirga namoomaa hawaasa Uyiguur irratti xiyeeffate geeggessuu qaba,” jetti Barreessituun Olaantuun Amnastii Intarnaashinaal Agnès Callamard turuun maxxanfama kanaa qabataman kan hin qabnedha jechuun balaaleffatte. “Mootummaan Chaayinaa yakkawwan mirga namooma kanaaf itti gaafatamuu qaban, akkasumas namoota yakkaa kana raawwatan too’atamuu qabu,” jetti. Jalqaba waggaa kana BBCn galmeewwan iccitii kan jal’inna muslimoota Uyiguur irratti raawwatamu argiisuu argate. Guddeeddii hedduminaan raawwatamuu, haleellaan saal-quunnamtii fi miidhan gara garaa mooraa keessatti raawwatamuu gadi fageenyaan walitti qabeera. Galmeewwan poolisii Zhiinjiyaang kan jedhamu kun akka argisiisutti, miidhaa isaan irratti raawwatu kana ajajni hogganaa Chaayinaa Xi Jinping irra dhufa. Bara 2020, erga viidiyoon hawaasa Uyiguur kan ija hidhanii gara daandii baaburaa geeggeffaman argame, ministeerri dhimma ala UK Doominik Raab dhiittaa mirga namoomaa Chaayinaan Muslimoota Uyiiguur irratti raawwatu balaaleffate. Viidiyoon sun mormii cimaa addunyaa keessatti kna kaafte yoo ta’u, Chaayinaan waakkatee turte. Himanna sarbamiinsa mirgoota namooma kan Zhiinjiyaang keessatti raawwatame hunda Chaayinaan waakkateetti.
Himanna sarbamiinsa mirgoota namooma kan Zhiinjiyaang keessatti raawwatame hunda Chaayinaan waakkateetti. Galmeewwan poolisii Zhiinjiyaang irratti ministirii dhimmaa ala Chaayinaa, kun maqaa balleessii biyyattii irratti oofamudha jechuun BBCtti hime. Jiraattonni Zhiinjiyaang tasgabbiin fi badhaadhina qabachuu himuun, jireenyisaanii kan gammachuufi milkaa’ina qabudhayyu jedheera. Akka Chaayinaan jetutti, tarkaanifiin Zhiinjiyaang keessatti fudhatame, ittisa shororkeessummaa, akkasumas mooraan ijaarame bakka itti akkaataa shororkeessitoota qolatan itti barataniidha jette. Hawaasni Uyiguur biyya bilisa taate ijaaruuf hidhatanii hokkara uumuu barbaadu jetti Chaayinaan, garuu kanatti fayyadamuun hacuucca hawaasa sirri gochuun himataman. Akkasumas, himanna lakoofsa hawaasa Uyiguur xiqqeessuuf dhala akka hin godhanne taasisuu fi humnaan hojachiisuu mormatan.
Imaammanni ‘Chaayinaa tokkoo’ maaliidha? Imaammanni Chaayinaa tokkoo (one China policy), Taayiwaan akka biyya of dandeessetti osoo hin taane bulchiinsa Chaayinaa jala jiraachuudha. Ameerikaa dabalatee biyyoonni lixaa hedduun imaammata ‘Chaayinaa tokkoo’ jedhu hin morman. Ameerikaanis beekkamtii kan kenniitus ta’e walitti dhufeenya seeraa kan qabdu Chaayinaa waliin malee bulchiinsa Taayiwaan waliin miti. Taayiwaan mataashee akka bulchiinsa walabaatti kan lakkooftu ta’ulleen, Chaayinaan garuu qaamaa biyyashee kan guyyaa tokkoo deebiifte ofitti maktuutti lakkoofti. \n\nWalitti dhufeenya Ameerikaafi Chaayinaa keessatti imaammanni Chaayinaa tokkittii dhimma murteessaadha. Chaainaanis biyyoota addunyaa kamuu waliin walitti dhufeenya qabdu keessatti dhimmi imaammanni Chaayinaa tokko kabajamu waan bu’uuraati. \nAmeerikaan Taayiwaaniif beekamtii hin kennitu. Beejiingi Taayiwaan ilaalchisee imaammata gaggeessituuf beekamtii hin kennitu.\n \nGama biraatiin ammoo Waashingtan, ofii ishee akka ittistuuf Taayiwaanitti meeshaa waraanaa ni gurgurti. Akka Chaayinaan jettutti, biyyi ishee waliin walitti dhufeenya dippilomaasii uumachuu barbaadu, Taayiwaan waliin firooma qabaachu hin danda’u. Imaammanni cimaan Chaayinaa tokkittii kunis walitti dhufeenyi Taayiwaan addunyaa kaan waliin qabdu akka haphatu taasiseera. Tibba wal waraansa Chaayinaa bara 1949tti gareen sabbontootaa kan ture -Kuomintang, bulchiinsa Chaayinaa muummee keessaa baqachuun odola Taayiwaan keessa qubate. Paartiin Koministii wal waraansichaan injifannoo gonfate People's Republic of China bulchuu yeroo eegalutti, gareen injifatame ammoo bakka baqatee itti gale Taayiwaaniin bulchuu eegale. Gareeleen lamaanuu Chaayinaa bakka kan buunu nuyi jedhu ture. Kanaan duras biyyoonni baayyeen Taayiwaaniif beekkamtii kennu ture.
Kanaan duras biyyoonni baayyeen Taayiwaaniif beekkamtii kennu ture. Haata’u malee, diinagdeen Chaayinaafi dhiibbaan taasiftuu cimaa dhufaa jennaan, biyyoonni kunneenis fulasaanii gara Chaayinaatti garagalfatan. Ameerikaanis kan raawwattee kanuma ture. Ameerikaan Taayiwaaniif beekkamtii kenniteef turte. Booda bara 1970mota keessa walitti dhufeenyi Chaayinaa waliin qabdu cimaa dhufnaan ammoo Imbaasii Taayiwaniitti bantee turte cufuuf dirqamte. Bara 1979 tti Ameerikaan Imbaasii Taayippee qabdu haa cuftulleen malee, baruma sanatti seera walitti dhufeenya Taayiwaan waliin qabdu ittiin hoggantu "Taiwan relation Act" jedhamu baaftee turte. Seerri kunis Taayiwaan ofishee akka ittistuuf deegaruuf dirqama qabdi kann jedhu qaba. Haaluma kanaanis Ameerikaan meeshaalee waraanaashee Taayiwaaniitti gurguratti. Taayiwaan bulchiinsa diinagdee cimaa qabduudha. Raayyaa Ittisaa kuma 300 gadi hin taane qabdi. Hoggantoonni ishees haala Chaayinaa irraa adda ta’een filannoo dimokiraasitiin kan filataman ta’u dubbatu. Kanaafu biyyoonni Taayiwaan waliin walitti dhufeenya dippilomaasii ifaa ta’e qabaachu baatanis, karaa waajjiraalee daldalaafi aadaatiin walitti dhufenya al-idilee akkuma itti fufsiisaniitti jiru. Yeroo ammaa kana bibyyoonni Taayiwaanif beekamtii kennan biyyoomurasa yoo ta'an dhiibbaa taasisaniin kan hangas cimaa ta’an miti. Biyyoota Taayiwaaniif beekkamtii kennan keessaa biyyoota jidduugala Ameerikaa kanneen akka Gutiimaalaa, Honduraas, Niikaaraaguwaa fi Istiiwanii Afriikaa keessatti argamtuudha.
Teeknooloojii hawaan addunyaa to'achuuf kan jirtu Chaayinaan maal karoorfatte? Chaayinaan buufata hawaa guddicha ijaaruuf karoorfatte eegalsiisuuf qorattoota hawaa sadi ji'oota ja'an itti aananiif garas ergiteetti. Biyyattiin teeknooloojii hawaan addunyaa to'achuuf kan deemaa jirtu yoo ta'u, karoora kana milkeessuuf kun akka tarkaanfii guddaatti ilaalama. Tiyaangoon ''Masaraa mootummaa samii irraa'' akka jechuuti. Chaayinaan bara darbe hojii jalqabaa giddu gala hundeessuu eegalte. Biyyattiin Giddu gala kanatti kutaalee qorannoo hedduu dabaluuf kan jirtu yoo ta'u kanneen keessaa kutaan qorannoo ( laaboraatooriin) Mengitiyaan jedhamu xumura bara kanaatti hojii eegala. Bara dhufu teleskoppiin hawaa 'Zuuntiyaan' jedhamu hojii eegala. Kunis giddugala hawaa kanatti dhiyaachuun tajaajila suphaa fi boba'aa guutuu kenna. Tiyaangoong mala ittiin anniisaa elektirikii argatu kan mataasaa qabaata, wantoota lubbuun turuuf dhala namaa barbaachisanii fi kutaalee keessa jiraatanis hedduu qaba. Chaayinaan qorattoota hawaa lama gara hawaa erguun giddu gala hawaa ijaaruudhaan addunyaarraa biyya sadaffaadha. Raashiyaa fi Ameerikaan ishee dursu. Kanaaf Chaayinaan Tiyaangoon irraa abdii guddaa qabdi. Bara 2031ti hojiin ala ta'a jedhamee kan eegamu Buufata Hawaa Addunyaa (ISS) bakka bu'a abdii jedhuun socho'aa jirti. Qoccolloon Ameerikaa fi chaayinaa damee kana keessattis bal'inaan mul'ata. Qorattoonni hawaa Chaayinaa giddu gala qorannoo hawaa addunyaa keessaa akkaan qoollifatamaniiru. Sababni isaa yoo gaafatame seera Ameerikaati. Seerichi dhaabbati hawaashee, Nasa'n, Chaayinaaf odefefannoo akka hin qoodne dhorka. Chaayinaan addeessaa fi maarsii irra qubachuus feeti, fedhiinshee kana qofaas miti. Waggoota muraasa booda wantoota caccabaa dhagaa fakkaatan kan samii keessaa dhiyeenyarraa gadi harca'an-astirooyidoota samuuda isaanii walitti qabuun qorachuuf karoora qabdi.
Bara 2030tti ogeeyyii hawaa ishee warra jalqabaa gara addeessaa erguuf karoorfatteetti. Galmi ishee kan biraan ammoo Maarsii fi Juppitar irraa saamuuda qorannoo walitti qabuudha. Chaayinaan bakkaa fi ga'ee hawaa keessatti qabdu bal'ifachuu feeti. Biyyoonni kaanis haaluma walfakkaatuun imala gara addeessaaf karoora qabu. Jaarmiyaan hawaa guddichi-Nasa jedhamus bara 2025 irraa eegalee Ameerikaa fi qorattoota hawaa biyyoota addunyaa biroo waliin ta'uun gara ji'aatti deebi'uuf karoora qaba. Rookeetii ISS guddicha giddugala hawaa Kenedii irraa ifa godheera. Jappaan, Kooriyaa Kibbaa, Raashiyaa, Indiyaa fi Yunaayitid Arab Imireetis (UAE) faanis gamasaaniin teeknooloojii hawaatiin tattaafataa jiru. Indiyaan ammumaan ergama gara addeessaa karoorfatte ibsiteetti. Bara 2030 buufata hawaa mataashee qabaachuuf karoorfatteetti. Ejansiin Hawaa Awurooppaa Nasa waliin ta'uun imala gara addeessaa irratti hojjetaa jira. Barri 1970ni Chaayinaaf bara seena qabeessa, sababni isaa biyyattiin yeroo jalqabaaf saatalaayitii gara hawaatti kan ergiteedha. Yeroo sana biyyattii keessatti warraaqsa jiijjrama aadaatu gaggeeffamaa ture waan ta'eef goolamaa turte. Bara sanatti addunyaarraa biyyoota afur- Ameerikaa, Gamtaa Sooviyeet( Raashiyaa ammaa), Firaansi fi Jappaan- qofatu hawaarra qubatee beeka. Waggoota kurnan darban Chaayinaan rookeetiiwwan 200 caalan gara hawaatti furguggisteetti. Saamuuda dhagaa walitti qabuuf jecha xiyyaar-samii nam-maleessa, Chang 5 jedhamu gara addeessaa ergiteetti. Alaabaan Chaayinaa addeessarratti olka'ee mirmirfameera. Biyyattiin beekaa kan kanaan dura ture-Alaabaa Ameerikaa irra ol caalchisuun alaabaashee dhaabdee akka mirmirfamu gooteetti.
Hanga ammaa qorattoonni hawaa Chaayinaa 13 ta'an hawaarra ga'aniiru. Lakkoofsi kun kan masaanuushee lamaanii waliin yoo walbira qabamu akkaan xiqqoodha. Sababni isaa kan Ameerikaa 340 kan Raashiyaa ammoo 130 waan ta'aniif. Chaayinaan guddina damee teeknooloojii hawaa biyyasheef wayita tattaafatu qormaata hedduu keessummeessite. Bara 2021 rookeetiinshee tokko caccabuun Garba Atlaantik keessatti kufeera, bara 2020 ammoo rookeetiiwwan isheen gara hawaa erguuf turte lama jalaa fashalaa'aniiru. Jaarmiyaan TV mootummaa Chaayinaa Shinuwaa jedhamu akka gabaasetti, pirojektii hawaa biyyattii keessa yoo xiqqaate namoonni kuma 300 hojjetaniiru. Lakkoofsi kun hojjettoota Nasa amma hojjetaa jiran dachaa 18n caala. Giddugalli Qorannoo Hawaa Biyyaalessaa Chaayinaa bara 2003 kan hundaa'eedha. Baajata ka'umsaa isaa kan waggaa doolaara miiliyoona 300 ture. Biyyattiin bara 2016 ammoo indastirii teeknooloojii hawaa kubbaaniyyaawwan dhuunfaaf banaa goote. Kubbaaniyyaawwan kunneen guddina damee kanaaf maallaqa doolaara biiliyoona 1.5 irratti baasuu miidiyaan biyyattii gabaasaniiru. Chaayinaan teeknooloojii hawaa guddisuurratti kan xiyyeeffatteef, to'annoo haala qilleensaa, guddina telekominikeeshinii, raaga fi sakatta'iinsa haala qilleensaa, akkasumas guddina dameelee biroof ta'uu himti. Saatalaayitoonni ishee hedduun garuu ergama waraanaas kan qaban jiru. Humnoota masaanuu isaanii ta'anis ni basaasu. Akkasumas misaa'eloota fageenya dheeraa imalan akka milkaa'aniifis ni tumsu. Yuuniversitii Portsmouth keessatti Hoogganaa Pirojektii Hawaa kan ta'an Luusiingi Kiing akka jedhanitti, Chaayinaan ergama hawaa sadarkaa gurguddaan jiran irratti qofa miti kan xiyyeeffatte.
Yuuniversitii Portsmouth keessatti Hoogganaa Pirojektii Hawaa kan ta'an Luusiingi Kiing akka jedhanitti, Chaayinaan ergama hawaa sadarkaa gurguddaan jiran irratti qofa miti kan xiyyeeffatte. ''Damee hawaa hunda irratti filatamoodha. Kaka'umsa siyaasaa fi qabeenya sagantaalee karoorasan hunda maallaqaan deeggaruuf isaan dandeessisu qabu,'' jedhan. Imalli gara addeessaa Chaayinaa ergamaawwan biroos qaba. Sibiilota gati jabeeyyii akka liitiyemiifaa argachuun galma tokko. Yuuniversitii Landanitti Daarektara Dhimma Imaammata Hawaa fi Dhaabbilee seeraa kan ta'an Pirofeesar Sa'id Mosteshar, Chaayinaan albuudota barbaacha imalli isheen deddeebitee gara addeessaatti taasistu bu'a qabeessa ta'uu dhabuu mala jedhan. Sagantaan hawaa Chaayinaa ergama biraa kan qabuudha jedhu. Innis addunyaa kaaniin dinqisiifatamuuf fedhii qabdurraa kan ka'eedha jedhan Pirofeesar Sa'id Mosteshar. Gabaabumatti ''Guddina teeknooloojiin addunyaarraa dursa argachuudha,'' jedhan.
Dibaabeen rooba dhowwuu dadhabe ummata Chaayinaa boochise Dibaabeen dhaabbilee lixaan Chaayinaa keessatti qarshii guddaan gurguramu roobumallee ittisuu dadhabe jedhanii ummanni Chaayinaa boo'aa jira. Gatiin biraandii Gucci fi Adidas jedhaman tokkoon isaa yuwaanii Chaayinaa 11,100 (£1,329) yookiin birrii Itoophiyaa kuma saddeettamaa ol gurguramaa jira. Kanas komachuun lammileen Chaayinaa miidiyaa hawaasummaa Weibo gubbaa waa'ee isaa haasa'aa jiru. Kan ijoo dubbii ta'emmoo biraandiin Gucci websaayitii isaa irratti ''innoo kan rooba ittisu osoo hin taane bareedinaaf yookiin aduu ofirraa ittisuuf tolfame,'' erga jedheeti. Dibaabeen kuni yeroo ammaa onlaayinii gubbaa beeksisarra kan jiru yoo ta'u baatii dhufu gabaarra oola jedhameera. Haashtaagiin Weibo gubbaa ''Dibaabeen yuwaanii 11,100 gurguramu bishaanumallee ofirraa hin dhorku'' jedhu yoonaa miiliyoona 140 ol daawwatameera. Fayyadamaan tokko dibaabee kanaan ''guddaa garuummoo faashinii gatiin hin qabne,'' jedhe. ''Waan hiyyeessa ta'eef akkan bituuf na hin gowwomsani,'' jechun nami biraa barreesse. Kaanimmoo ammallee oomishi kuni gaaruma jechuun ibsan. ''Kanneen kanfaluu barbaadan meeshaa qaalii kana bitanii ittiin of agarsiisuu danda'u,'' jechuun kaan barreesse. ''Waan sirrii ta'uufi dhabuun isaa isaan hin yaaddessu.'' Dhimma kana irratti akka dubbatan gaaffii BBC irraa dhihaateef dhaabbileen Gucci fi Adidas deebii hin kennine. Haa ta'u malee, dubbii himaan Gucci barruu buufati isaa Beejing ta'e Caijing jedhamuuf akka himetti dibaabeen kuni ''guyyuu akka qabataniif kan gorfamu miti'' jedhe. Chaayinaan dhaabbilee daldalaa meeshaalee qaalii oomishaniif gabaa ijoodha.
Chaayinaan dhaabbilee daldalaa meeshaalee qaalii oomishaniif gabaa ijoodha. Waggaa darbe gurgurtaan meeshaalee qaalii 36%'n guddateera jedha dhaabbati tajaajila gorsaa kennu Bain & Company. Dabaluunis, waggoota sadan itti fufaniif Chaayinaan gabaa ijoo meeshaalee qaalii ni taati jedhee dhaabbati kuni tilmaameera.
Chaayinaan dhiibbaa hoj-manee barattootaaf kennamu hir'isuuf seera tumte Chaayinaan hoj-manee humnaa olii manneen barnootaarraa barattootaaf kennamuufi sagantaa qayyabannaa sa'aatii barnootaatiin alatti kennaman hir'isuudhaaf seera kaayyeeffate baasuutu gabaafame. Maatiinis ijoolleen isaanii yeroo boqonnaafi taphaa gahaa akka qabaatan akkasumas intarneeta irratti yeroo dheeraa akka hin dabarsineef akka to'ataniif gaafatamaniiru. Hagayya darbe ammoo Chaayinaan barattoota umuriin isaanii waggaa ja'aafi torba ta'aniif manneen barnootaatti qormaanni barreeffamaa akka hin kennamneef dhorkiteetti. Barattoonni dhiibbaa barnoota waliin walqabaterraa kan ka'een miidhaan qaamaafi qalbii isaan mudachuu aanga'oonni dubbachaa jiru. Araadaawwan interneetaafi kanneen biroo ijoolleerratti mul'atan to'achuudhaafis mootummaan Chaayinaa dhiyeenyuma kana tarkaanfiiwwan baay'ee fudhateera. Murtee ammaa dhiibbaa barattootarra gahu hir'isuudhaaf dandeessisu kana kan dabarse qaama seera-baastuu Chaayinaa isa guddaa kan ta'e koree-dhaabbii mana maree biyyaalessaati. Ibsi seera haaraa kun guutummaatti bahuu baatus akka sabaa-himaaleen Chaayinaa gabaasanitti taanaan, maatiin hamilee ijoollee isaanii akka ijaaran, beekumsa isaaniifi shaakala hawaasummaa isaanii akka gabbifataniif akka gargaaraniif gaafataniiru. Tarkaanfiin mootummaa kun miidiyaalee hawaasummaa irratti deebiiwwan wal makaa ta'e argachaa jira. Tokko tokko guddisa daa'immanii qajeelaa ta'eef kan ta'udha jechuun yoo ibsan, kanneen biroo ammoo bulchitoonni naannoo ykn maatiin murtee kana hojiira oolchuurratti gahumsa qaban irratti gaaffii kaasaniiru. Adoolessa darbe Chaayinaan karaa interneetii barnoota gurguddoo waliin wal qabatan tokko tokko biyyattii keessatti akka hinkennamne dhorkiteetti. Tarkaanfiin haaraa mootummaan fudhate kun invastimantii alaa seektaricharratti taasifamurra dhorkaa kan kaa'u yoo ta'u, barnoota seektara dhuunfaaatiin maallaqa dolaara Biliyoona 120 sochoosullee baayyee miidhuuf jira jedhameera.
Tarkaanfiin haaraa mootummaan fudhate kun invastimantii alaa seektaricharratti taasifamurra dhorkaa kan kaa'u yoo ta'u, barnoota seektara dhuunfaaatiin maallaqa dolaara Biliyoona 120 sochoosullee baayyee miidhuuf jira jedhameera. Chaayinaa keessatti barnoonna karaa haqa-qabeessa ta'een waliin gahuun lammilee gidduu garaa garummaan jiru gaaffii kan kaasu yoo ta'u, maatiiwwan sooreyyiin ijoolleen isaanii manneen barnootaa gaariitti akka barataniif maallaqa guddaa akka baasan gabaasaaleen ni mul'isu.
Ameerikaan dhaabbata Chaayinaa diroonii oomishu- DJI qoqqobde Ameerikaan dhaabbata xiyyaara nama-maleessa (diroonii) hojjatu, DJI fi dhaabbilee Chaayinaa kan biraa torba irra dhorkaa keesse. Ministeerri Maallaqaa Ameerikaa guyyaa Kamisaa Muddee 16, 2021 dhaabbilee Chaayinaa kanneen tarree dhorkaa invastimenti irra kaa'uun lammiileen biyyattii akka isa hin binneefi itti hingurgurreef labsite. Dhorkaa kanaafis himannaan dhiyaate tekinolojiin diroonii ykn xiyyaara nama-maleessaa DJI muslimoota Uyigoor Chaayinaa keessa jiraatan ittiin to'achuurra oolfaman kan jedhudha. Haa ta'u malee, murteen kuni hammana dhiibbaa uumuun isaa shakkisiisa. Sababni isaas kaampaanii qooda kanneen keessaa qabaniin kan hundaa'e miti. Fayyadamtoonni US keessaa diroonii DJI irraa kana dura bitan itti fufuun itti fayyadamuu danda'u. Bara 2020 keessas Waajjirri Daldalaa kubaaniyyoonni Ameerikaa oomisha saanii DJI'tti akka hin ergineef dhorkee ture. Kanaafis kan Qajeelcha Ittisaatiin akka sababaatti eerame, balaa nageenya biyaaleessaati kan jedhu ture. Akka gabaasa Ejansii Oduu Rooyitarsiitti, poolisii Magaalaa Niiw Yoorki dabalatee, eejansiiwwan nageenya hawaasaa Ameerikaa 900 ol ta'an omishaalee DJI fayyadamu. Tajaajilli Paarkii Biyyaaleessaa ibidda bosonaa Kaalifoorniyaa keessaa ittisuuf dirooniiwwan DJI'tti fayyadama. Akka ragaalee Industirii Diroonii agarsiisaniitti, kubbaaniyyichi bara darbe gabaa fayyadamtoota diroonii Ameerikaa keessaa gahee %80tti dhiyaatu qaba. Dhaabbanni teeknolojii telekoomii guddichi Huawei ammalleen dhorkaa daldalaa bulchiinsa Tiraamp'n kaa'amee jalatti argama. Dhorkaan sunis kubbaaniyoonni Ameerikaa dhaabbaticha waliin daldala akka hin raawwannee dhorka. Maddi oduu Rooyitarsi akka gabaasetti, bulchiinsi Baayidan ammallee ganaa omishaa chiippii kan ta'e dhaabbata Chaayinaa, Korporeeshinii Idil-Addunyaa Omishaa Semicoductor irra dhorkaawwan dabalataa kaa'uuf jira.
Maddi oduu Rooyitarsi akka gabaasetti, bulchiinsi Baayidan ammallee ganaa omishaa chiippii kan ta'e dhaabbata Chaayinaa, Korporeeshinii Idil-Addunyaa Omishaa Semicoductor irra dhorkaawwan dabalataa kaa'uuf jira. Odeessaalee walfakkaata:
Biyyoonni G7 karoora dhiibbaa Chaayinaan addunyaaratti qabdu dura dhaabbachuu daneessisa jedhan baafatan Gaggeessitoonni biyyoota G7 kanneen UKtti kora gaggeeffataa jiran karoora dhiibbaa Chaayinaan addunyaarratti qabdu, keessumaa misoomawwan bu'uuraa biyyattiin biyyoota galii gadaanaafi giddu-galeessaa keessatti gaggeessaa jirtu morkachuu danda'u baafatan. Biyyoonni G7 kunneen karoora dhiibbaa Chaayinaan addunyaarratti qabdu dura dhaabbachuu yoo baafatan, Chaayinaan gama isheetiin ammoo addunyaan dhimmi garee tokkoon ittiin bultuuf hin jiru jechuun deebii kennitee jirti. Imbasiin Chaayinaa Landan jiru wayita biyyoonni G-7 dhiibbaa Chaayinaa qolachuuf waliin dhaabbachuu qabna jechuun yaa'ii isaan taa'aa jiran kanatti deebii kenneen dhimma addunyaa garee muraasaan hin murtaa'u jedheera. Biyyi hundinuu, guddaas ta'e xiqqaa, sooressasas ta'e hiyyeessa cimaas haata'u dadhabaa, hunduu walqixa jennee amanna jedhe imbasichi. Pirezidaantiin Ameerikaa Joo Baayidan karoora filamaata ijaarsa addunyaa kan sagantaa Chaayinaan gaggeessitu caalaa sadarkaa qulqullinaa olaanaa qabuufi Ameerikaan deegaramu yaa'iicha irratti ibsaniiru. Biyyoonni G7 kunneenis dhiibbaa Chaayinaan addunyaarratti qabdu dura dhaabbachuu jechuun karoora filamaata jedhan irratti yaada dhiyeessan. Dhaabbanni ijaara Chaayinaa Beelti Enda Rood Inisheetiiv jedhamus biyyoota hedduu keessatti daandiiwwan baabuuraa, karaafi bufataalee ijaaruuf jecha deeggarsa doolaara biliyoonotaan lakkaa'amuu taasisa. Haata'u malee, biyyoonni kunneen liiqaa olaanaa keessaa bahuu hin dandeenye keessa galchuun komiin irrratti ka'aa jira. Ibsa kora biyyoota G7 kan UKtti gaggeeffametiin baheen, ''Walitti dhufeenya ifaafi sadarkaa qulqullina olaanaa qabu agarsiisuun'' biyyoota kanneen waliin hundeessuu akka barbaadan hima.
Ibsa kora biyyoota G7 kan UKtti gaggeeffametiin baheen, ''Walitti dhufeenya ifaafi sadarkaa qulqullina olaanaa qabu agarsiisuun'' biyyoota kanneen waliin hundeessuu akka barbaadan hima. Haata'u malee, karoorri biyyoonni garee G7 kunneen dhiyeessaniif maddi fandii eessaa akka ta'e hin ibsine. Dureen biyya Jarman Angeelaa Markeel jalqabbii kanaatiif maallaqni eessaa akka ta'eefi attamiin akka ramadamu dubbachuuf yeroonsaa hin geenye jedhaniiru. Ameerikaan garuu gochi Chaayinaan raawwataa jirtu kun, ''Liqaa ippilomaasiiti'' jechuun waggoota hedduuf balaalefataa turte. Biyyoonni soorreeyyiin garee G7 kunneenis dhiibbaa Chaayinaa kana dura dhaabbachuun alattis weerara gara fuula duraa addunyaa mudachuu danda'urrattis karoora baasaniiru. Biyyoonni kunneen tarkaanfii hayyama talaallii Covid-19f barbaachisu guyyoota 100 gadiitti kennuuf dandeessisu fudhachuu irrattis mari'ataniiru. Karoorri kunis xumura yaa'ichaa waliin baha jedhameera. Yaa'iin biyyoota G7 kun UK Riizooltii Kaabriis Beey keessatti guyyoota sadiif gaggeeffamaa kan jiru yoo ta'u, MM Ingiliiz Booriis Joonsaniin kan qophaa'edha jedhameera.
Dabalataanis, "Ilkaan qarriffaa fi qeensi leencichaa waan buqqa'aniif haalli jireenya isaa rakkisaa itti ta'eera," jedheera.
Chaayinoota boolla albuudaatti awwaalamanii turan keessaa 11 lubbuun bahan Lammileen Chaayinaa boolla albuuda keessaa baasan meetira 600 gadi fagaatu keessatti awwaalamanii kanneen turan keessaa 11 lubbuun bahuu danda'aniiru. Namoonni boolla albuudaa kana keessatti awwaalaman 22 turan. Akka saba himaaleen Chaayinaa gabaasanitti namoota boolla meetira 600 gadi fagaatu kana keessatti torban lamaaf turan keessaa saglan isaanii lubbuun baasuun danda'ameera. Amajji 10, 2021 boolla warqee Hushaan Chaayinaa Shaandong keessatti argamutti ture kun kan dhalate. Dho'iinsa ulaa boollichaarratti uumameen karaan bahan cufannaan hojjetoonni albuuda baasuuf boolla seenan kunneen achumatti ukkaamfamanii hafan. Yeroo dho'insi qaqqabe sanatti hojjetoonni 11 balaa qaqaberraa kan hafan ta'ullee isaan keessaa tokko garuu turee lubbuun isaa dabarteetti. Namoota boollaa keessatti argamaniif telekoomunikeeshiniin tolfamaaf kan jiru yoo ta’u, nyaataafi qorichi ammoo qaawwa xiqqoodhaan isaaniif ergamaa jira. Sababiin dho’insichaa maal akka ta’e hanga ammaa waanti beekame hin jiru. Nama tokko kan qophaa isaa boolla keessaa baafame akka ifti ija isaa hin miineef jecha uffataan maranii hospitaala geessuu namoonni argan ni dubbatu. Namni qophaa bakka warra 10 nyaataafi bishaa galaaf tureen addadha. Namoonni 11 lubbuun bahnii tokko yoo du’u, 10 ammallee boolluma keessa jiru. Karaan gara boolla albuudichaatti geessu hedduu miidhameera. Miidhaa dho’insa ka’umsi isaa hin beekamne kanaan karaan ittiin walqunnaman guutummaan guutuutti citeera. Torban tokkoof akka isaan lubbuun jiran wanti beekame hin turre. Torban har’aa garuu hojjetoonni yeroo balaa funyoo/wadaroon karaa qaawwa xiqqoo ergan akka gottotamu itti dhagahame.
Torban har’aa garuu hojjetoonni yeroo balaa funyoo/wadaroon karaa qaawwa xiqqoo ergan akka gottotamu itti dhagahame. Isaan booda waraqaa cittuu irratti hojjetoonni albuuda baasan 12 [11n isaanii bakka tokko, tokko ammoo isaanirraa xiqqoo gadi fagaatee] lubbuun akka jiran ibsuun ergaa ol ergatan. Isaan booda walitti dhufeenyi nama isa qophaa turee waliin taasifamu addaan cite. Gama biraan ammoo warra 11n keessaa inni tokko sababa dho’insaan balaa irra gaheen miidhamee Kamisa du’uun isaa barameera. Chaayinaatti balaan albuuda baasuu waliin walqabatee uumamu baratamaadha. To’annoon nageenyaa baay’ee laafaadha. Mudde darbe albuuda cilee keessatti Kaarbon-monoksaayidii gadi dhiifameen namoonni 23 du’aniiru. Rakkoo walfakkaatuun Fulbaana keessas namoonni 16 du’aniiru. Bara 2019 keessa Kibba-lixa Chaayinaatti dho’insa bakka albuuda baasanitti qaqqabeen namoonni 14 du’anii ture.
Ergasii addunyaarratti namoonni miiliyoona 106 qabamanii kanneen keessaa miiliyoona 2.3 kan ta'an du'aniiru.
Chaayinaatti osoo daawwattoonni ilaalanii bineensi nama nyaate Paarkiin bineensotaa Chaayinaa erga bineensi ‘bear’ jedhamu hojjataa paarkichaa osoo daawwattoonni arganii nyaatamee du’ee booda nageenya ni fooyyessa jedheera. Taateen kunis magaalaa Shaangaayi keessatti kan mudate yoo ta’u, paarkichi gadda itti dhagahame maatii hojjataa du’eefi ibseera. Paarkiin Bineensotaa Shaangaayi ibsa marsariitiisaarratti baaseen “taatee mudateen baay’ee gadduusaa ibsuun, tuuristoota bakkicha turanii taatee kana arganiifillee dhiifama” jedheera. Paarkichi taatee raawwate qorataa akka jiru ibsuun nageenyummaa paarkichaa fooyyessuu fi wantoota taatee kanaan booda dhufan hiikuuf hojjadhaa jira jedheera. Viidiyoon marsariitii Chaayinaa Weibo irratti qoodame akka mul’isutti daawwattoonni konkolaataa keessa taa’anii osoo bineensonni ‘bear’ bakka tokkotti heddumaatan iyyan mul’isa. Bakkichis daawwatootaan konkolaataa qofaan daawwataama. Kunis kan taasifame bineensonni akka bosonaa keessaa akka fedhiisaaniitti akka socho’aniif yaadameeti jechuun paarkichi ibseera. Viidiyicharratti namni tokko “achi bira nama tokkotu jira”, namni biraa ammoo “maaltu mudataa jira?” jedhee gaafatu mul’ata. Balaa kanaan walqabatee namooni hedduun gaddasaanitti dhagahame yoo ibsan tarkaanfilee nageenyaa fi of eeggannoo paarkicha keessa jirurratti ammoo qeeqasaanii kaasaniiru. Muraasnisaanii bineensonni dallaa sibilaa keessa qofa ta’uu qabu; osoo kun ta’ee jira ta’ee rakkoon kun hin mudatu ture jedhaniiru. Isaan kaan ammoo bineensonni akka fedheesaaniitti socho’uu qabu; paarkichi garuu nageenya hojjattootaasaa fi daawwatootaaf dursa kennuu qaba jedhaniiru. Chaayinaa keessatti hojjattoonni paarkii bineensotaan nyaatamanii du’uun kan baratame ta’uu baatus haleellaawwan adda addaa hojjatootarratti ni raawwatama.
Chaayinaa keessatti hojjattoonni paarkii bineensotaan nyaatamanii du’uun kan baratame ta’uu baatus haleellaawwan adda addaa hojjatootarratti ni raawwatama. Bara 2017’tti namni tokko akeekkachiisa paarkiirraa kenname hordofuu dhabuusaatiin bineensa bear jedhamuu nyaatameera.
Shamarree sagantaa abuurraa addeessaa Chaayinaa duuba jirtu Shamarreen ganna 24 dhaabbata hawaa Chaayinaatti komaandara taatee, dalagaa isheen Sagantaa Abuurraa Addeessaa Chang’e-5 irratti raawwatteef miidiyaa hawaasaa Chaayinaa irratti dubbii ijoo taatee jirti. Dhaabbata rokeetii hawaatti furguggifamu Weenchaang keessatti umriidhaan ishee xiqqoo haa taatuyyuu malee Zhuu Cheengyuun maqaa kabajaa ‘obboleettii guddoo’ jedhamuun waamamti. Imalli hawaa Chang’e-5 waggaa torba keessatti ergama milkaa’inaan yeroo sadaffaaf addeessarra qubate dha. Maarree shamarreen Zhuu immoo sirna rookeetii wal-qaqqabsiisuuf itti gaafatamummaan hojjechaa turte, gaheenshee kunis ‘murteessaa’ jedhamuun ibsameera. Astiroonatiin ol-adeemaa jirtu kunis erga miidiyaa mootummaa Chaayinaa dubartoota milkaa’ina Chang’e-5 irratti hirmaatan jechuun maqaa dhaheen booda miidiyaa hawaasaa Chaayinaa Weeboo irratti namuu waa’eeshee haasa’aa tureera. Keesumaa umriin kaanirra xiqqoo tahuunshee mataduree ture. Fayyadamtoonni miidiyaa hawaasaa cimina ishee leellisuun biyya isaaniif ‘madda sabbonummaa’ akka taate ibsaa turan. Namootni baayyeenis boodatti hafne jechuun ofitti qoosaa milkaa’ina isaanii kan ishee waliin dorgomsiisaa turan. Akka miidiyaan Diyoosiyaa Guuwzhuu gabaasetti shamarreen kun beekamtiin daandii hojiishee akka hin dinqineef jecha af-gaaffiif irra deddeebiin gaafatamtus diddeetti. Kaayyoon Chang’e-5 maqaa addeessa ayyaantuu Chaayinaan moggaafate kun kattaawwanfi biyyoo sirna aduu keessa jiran funaanuun saayintistoonni waa’ee addeessaa akka qoratan gargaaruu dha. Yoo milkaa’eef sirna aduu keessaa samuuda fiduun kun waggaa 40 keessatti isa jalqabaa taha jechuu dha. Kanaan Chaayinaan, Ameerikaa fi Raashiyaatti aanuun biyya sadaffaa taati.
Kanaan Chaayinaan, Ameerikaa fi Raashiyaatti aanuun biyya sadaffaa taati. Ergamni ammaa kuni Beejingiin qorannoo hawaatiin ‘olaantuu’ gochuu dha. Miidiyaan mootummaa ‘hawaa abjuu’ yoo jedhu, ‘jijjiirama biyyaalessaaf’ tarkaanfii tokko fuulduratti.. jechuun kan jajan immoo Pireezidantii biyyattii Zhiin Piing dha. Chaayinaaf hawaa abuuruun teeknolojiidhaan fagaachaa akka jirtu agarsiisuufi humna addunyaan qalbiin qabachuu qabu akka taate akeekuuf fayyadamti. Chaayinooti baayyeen oduu durii wa’ee ayyaantuu addeessaa Chang’e jedhamtu dhagahaniiru. Ayyaantuun kun dawaa barabaraan nama jiraachisuu dhugdee otoo hin beekiin abbaa manaasheef hin hambisiin hafte. Achiin hanga addeessaatti balali’uu waan dandeesseef hanga inni du’utti bira turti. Seenaanshee jila arfaasaa keessa qophaa’urratti waggaa waggaan himama. Kanaaf ture ergamni Chaayinaa gara addeessaatti taasiftu kun dubartoota ciccimoo waamaa kan ture. Suuraan Zhuu Cheengyuu miidiyaa biyyattii baayyee irratti mul’achaa ture, mata duree ‘loltuu fuulduree hawaa fi obboleettii guddoo,’’ jedhuun. Dargaggoota Chaayinaafis fakkeenya taati jedhameera. Chaayinaan dubartoota cimoo agarsiisuu haa yaaltuyyuu malee, hoggansi sadarkaa olaanaa biyyattii dhiiraan kan dhuunfatame dha. Baatii Sadaasaa keessa gaazexaan biyyaalessaa Giloobaal Taayims fayyadamtoota intarneetii milkaa’ina dubartootaa kanneen akka saaynitistii fayyaa Cheen Wee, dubbii himtuu ministira alaa Huwaa Chuuyiing fi dorgomtuu ispoortiiUFC, Zhaang Weelii irratti yaada akka kennan affeeree ture. Ta’us ammayyuu Chaayinooti baayyeen gaheen dubartootaa seektaroota garaagaraa ammallee gad-aanaa dha jedhu. Fulbaana keessa TV’n Chaayinaa diraamaa shoora dubartootaa saalaan looge jedhame agarsiise dubbii ijoo ture.
Barri 2020 suuraadhaan yoo ibsamu waan fakkaatu Dhuma bara 2019 keessa addunyaan bara ittaanutti abdii waan haaraa arguufi dhagahuun guutamtee ture. Haa ta'u malee, dhimmoonni hedduun haala eegamaniin hindeemne. Keessattu weerarri koronaavaayirasii addunyaa waliigahuun hedduu gaddaan guute. Akkasumas barri 2020 bara bareedinaa, baacoo fi bara dandamannaas ture. Suuraaleen asiin gadii kunneenis baricha agarsiisuuf baatiiwwan waggaa tokko tokkoo keessaa kan fudhatamaniidha. Yeroon kun kan itti vaayirasii hamaan Chaayinaa keessatti mul'achuun addunyaa waan isaa baayyee hinbeekne ture. Bakka meeshaaleen ittiin of eegamu gahaan hinjirretti, namoonni muraasni akka filmaataatti waanuma naannoo isaanii qabanitti fayyadamuu eegalan. Baatii kanatti ammoo yeroo itti ji'ii ykn addeechi guddaan xiyyeeffannaa uummata addunyaa hawwatee mul'atee turedha. Kunis yeroo itti Magaalaa Tarkii Edirne keessatti dhiheenya Masjiida Selimiyee kan jaarraa 16'tti ijaaramee biraan suuraan addeecha kanaa itti kaafameedha. Sababii uggura koronaavaayirasiitiin, namoonni hedduun yeroo isaanii hedduu kan karaa intarneetiin waliin dubbachaa dabarsaniidha. Fakkenyaaf hiriyyoota kanneen waliin hajjatamu waliin haasa'uuf akkasumas waan bitamu hunda karaa onlaayinii ta'e. Barsiisonnis karaa onlaayinii barnoota kennuu eegalan. Kan asiin gadi kunis barsiisaa Hong Koongi kara viidiyootiin barsiisaa turedha. Yeroo kanatti ammoo tarkaanfiin fageenya eeggachuuf kaa'ame yeroo itti dandeettii kalaqaa namoota hedduun itti ifa baaseedha. Fakkeenyaaf lubni Kaatolikii US tokkoos fageenya isaanii eegaachuuf jecha, shuguxii bishaaniitti fayyadamuun bishaan qulqulluun hordoftoota amantichaa cuuban. Baatii kun ammoo yeroo lammiin Afriikaa- Ameerikaa kan ta'e Joorji Filoyiid poolisii isa to'atanii turaniin ajjeefamuun wal qabatee, sochii farra jibba sanyii fi gara jabummaa poolisii irratti addunyaa gutuutti itti gageefameedha.
Mormiin kunis Ameerikaa eegaluun biyyoota addunyaa hedduu keessatti illeen taasifameera. Ugguura tureen booda haala gaarii addunyaan ittiin saaqamtu abdachuun gareen muuziqaa 'Gran Teatre del Liceu' Barseloonaa hirmaattota biqiltuuwwan mukaa kuma lamaa oliitiif haala kanaan qophii muziiqaa dhiyeessan. Gareen kunis barbaachisummaa aartii yeroo rakkiinaa mul'suuf akka kana raawwatan himama. Dubartiin Keeniyaa tokko maasaa hoomaa awaannisaan guutame keessaa abdii kutachuun dhaabbatee mul'atti. Hoomaan awaannisaa kunis erga biyyoota akka Iraan, Paakistaan fi Indiyaatti miidhaa qaqqabsiiseen booda gara Afriikaa Bahaatti kan qaxxaamureedha. Dhoohiinsi seenaa keessatti baayyee cimaa garuu kan niwukilaraa hintaane buufata Beeruutti kan Liibaanoos keessaa kan barbadeessee baatii kana keessa ture. Balaa sanaanis namoonni 200 ta'an lubbusaanii yoo dhaban kanneen kumaatamaan lakkaa'aman ammoo miidhaan irra gahee ture. Taphataan piyaanoo Raaymond Essaayaan mana isaa balaa qaqabeen jijjigee keessatti wayita piyaanoo taphatu suuraa ka'eedha. Bosonni Amaazoon kan Biraaziil keessaa balaan ibidda saafaa cimaan baroota keessatti mudatee hinbeekne kan mudate baatii kana keessa. Haalli kuni gareewwan eegumsaafi kunuunsa qabeenya naannootiif quuqamaniin baayyee yaaddessaadha jedhameera. Diraafeessi (bineensi sanyii qeerransaa) kunis achuma Paantaanaal keessatti balaan ibiddaa irra kan gahee lubbuun hafeedha. Motummoonni biyyoota addunyaa uggura sababii koronaavaayirasiitiin kaa'amee ture kaasuuf yeroo itti yaalan ture baatiin kun. Haata'u malee, haalli tatamsa'ina weerarichaa takkaa ol ka'aa takkaa ammoo gadi bu'aa ture. Daldaloonni hedduunis sababii weerara kanaatiin walqabatee kufaatii guddaan akka isaan mudatu himu. Kunis restoraantii magaalaa guddoo Xaaliyaanii Room keessatti argamu keessatti daldalli isaanii miidhamu agarsiisuuf mallattoo ekeeraa minjaala nyaataa irra kaa'an.
Kunis restoraantii magaalaa guddoo Xaaliyaanii Room keessatti argamu keessatti daldalli isaanii miidhamu agarsiisuuf mallattoo ekeeraa minjaala nyaataa irra kaa'an. Mitree Chitinundaa Taayilaandi irraa, bulchiinsa mootii biyyattiiif baayyee amanamaa ture. Haa ta'u malee, mormii bara kana keessa osoo hineegamiin riifoormiin dimokiraasii akka gaggeeffamu gaafachuuf taasifame, waan daandii isaa geeddarsiise fakkaata. Haalli riifeensa isaa mataansaayyuu amma mallattoo quba sadii kan mormiitoonni Taayilaandi guutuu ittiin fayyadaman qaba. Koronaavaayirasiin Chaayinaa ka'usaa himamee addunyaa guutuu dararaa jiraatulleen, dorgommiin imala gara maarsii akkuma itti fufeetti jira. Chaayinaan seenaa keessatti alaabaa ishee baatii (ji'a) irra dhaabuun biyya addunyaa lammaffaa taate. Ergami Cheng'e-5 ammoo waggoota 44 keessatti yeroo jalaqabaatiif saamudawwan cirrachaa (dhakaa) fiddee nagumaan deebiteetti. Suuraaleen hundi mirga abbummaa qabu.
Koronaavaayirasi: Pirezidant Bolsonaaroon Biraaziil talaallii Covid-19 Chaayinaa hin bittu jedhan Pirezidantiin Biraaziil Bolsonaaroo mootummaansaanii talaallii Covid-19 Chaayinaan oomishte hin bittu jedhan. Kunis erga ministeerri fayyaa biyyattii sagantaa talaallii keessatti akka itti fayyadaman ibsan boodadha. Pirezidant Bolsonaaroon deeggartootasaanii miidiyaa hawaasummaarra jiran akka isaanii talaallii Sinoovaak hin bitne jajjabeessaniiru. Isaanis akkas jedhaniiru: "Talaallii Chaayinaa hin bitnu." Pireezidaantichis talaallii kun yaaliisaa guutumatti hin xumurre jedhan. Kana dura garuu qondaaltonni Biraaziil sagantaa madinummaa qaamaa lammiilee biyyattii gabbisuu keessatti kan qabame keessaa tokko talaallii Chaayinaan hojjette 'CoronaVac' jedhamu kan dhaabbata baayooteeknooloojii 'Sinovac' jedhamuun hojjetame fayyadamuudha jedhan. Kunis jalqaba ji'a Amajjii bara 2021 irraa eegalas jedhan. Bulchaan Saa'oo pooloo, Joao Dooriyaa akka jedhanitti mootummaan federaalaa talaallii 'CoronaVac' doozii miiliyoona 46 bituuf waadaa galeera. Sagantaan madinummaa qaamaa yookiin dandeettii dhibee ofirraa ittisuu qaamaa gabbisuu jalqaba bara 2021, ji'a Amajjii irraa eegaluu danda'a. Kunimmoo akka addunyaatti weerara vaayirasichaa ittisuuf tarkaanfii bu'uuraati jedhameera. Biraaziil biyyoota weerara koronaavaayirasiin daran hubaman keessaati. Namoota qabaman miiliyoona 5.3 qabaachuudhaan US fi Indiyaatti aantee addunyaarraa sadarkaa sadaffaarra jirti. Lakkoofsa namoota du'anii 155,000 qabaachuudhaan ammoo US'tti aanuun lammaffaarra jirti. Talaallii Chaayinaa 'CoronaVac' kan dhaabbata Sinovac baayooteeknooloojiin fudhachuuf yoo Ministeerri Fayyaa biyyattii mirkaneesse, Biraaziil sagantaa madinummaa qaamaa gabbisuuf qabattee jirtu keessatti gosoota talaallii lamatti dhimma ba'uuf jirti.
Talaallii Chaayinaa 'CoronaVac' kan dhaabbata Sinovac baayooteeknooloojiin fudhachuuf yoo Ministeerri Fayyaa biyyattii mirkaneesse, Biraaziil sagantaa madinummaa qaamaa gabbisuuf qabattee jirtu keessatti gosoota talaallii lamatti dhimma ba'uuf jirti. Biyyattiin talaallii Yuuniversitiin Oksifoordii fi dhaabbati oomisha qorichaa AstraZeneca jedhamu waliin hojjetanis fayyadamuuf karoora qabdi. Talaallii Covid-19 kan Chaayinaan hojjette kun giddu gala qorannoo Saa'oo Pooloo ,Butantan jedhamu keessatti qoratamaa jira. Talaalliin kun Tarkii fi Indooneezhiyaa keessatti yaalamaa jira.
Qondaalli Ameerikaa Chaayinaaf basaasaa ture jedhame to'atame Abbaan alangaa qondaalli basaasaa duraanii Ameerikaa firasaa fagoo biraa CIA keessa hojjatu waliin ta'uun Chaayinaaf basaasaa turuu bira ga'eera jedha. Namtichi ganna 67 Yuk Ching Ma jedhamu kun Jimaata darbe hidhamusaa Dippartimantiin Haqaa Ameerikaa ibseera. Odeeffannoo iccitii Humna Ittisa Ameerikaa qondalaa basaasaa Chaayinaa tokkotti dabarsee kennuun himatameera. Muddamni hariiroo Ameerikaafi Chaayinaa gidduutti wayita hammaate kanatti, namtichi garlachuuf basaasuun hidhame. Obbo Ma lammii Ameerikaa Hoong Koongitti dhalateefi seeraan lammuummaa Ameerikaa argate wayita ta’u, bara 1982 CIAf basaasuu jalqabe. Waggaa 7 booda garuu dhaabbata basaasa Ameerikaa keessaa bahuun Magaalaa Chaayinaa Shaangaayitti deebi’ee hojii jalqabe. Sana booda bara 2001 immoo gara Hawaayii Ameerikaatti deebi’e. Firaa isaa wajjin waggoota kurnan darbe waa’ee hojjattoota CIAf hojjatanii, hojiisaaniifi akkatti iccitii qabatan/dhoksan Chaayinaaf dabarsee basaasa ture. Odeffannoo iccitii dabarsee kennuu isaaf jechas Kibxata har’aa mana murtiitti kan dhiyaatu wayita ta’u, balleessa qabaachuu isaa yoo itti murame adabbii cimaatu isa eeggata. Abbaaan alangaa akka ibsetti, namtichi odeeffannoo iccitii dabarsuu kan eegale bara 2001 Hoong Koongitti ture. Wayita firasaa tokko wajjin wal arganiitti viidiyoon gartokkeen waraabame kan agarsiisu odeeffannoo iccitii dabarseef doolara 50,000 kaffalameef otoo inni lakkawwatuu kan agarsiisu ture. Ma gara Hawaayitti erga deebi’ee booda Biiroo Qorannoo Federaalaa (FIB) wajjin hojjachuun odeeffannoo iccitii mootummaa argate Chaayinaaf qooduuf carraa argateera. Bara 2004 namtichi Hoonluluutti qacarame kun odeeffannoo iccitii hateera jedhamee himatamees ture.
Bara 2004 namtichi Hoonluluutti qacarame kun odeeffannoo iccitii hateera jedhamee himatamees ture. Firri isaa maqaan hin heeramne namtichi ganna 85 sababii dhibee cimaan qabamee jiruun himannaan irratti hin dhiyaannee jedhe Rooyitars. Sababiin Ma hidhuun yeroo dheeraa fudhatee garuu ifaa miti. Abbaan alangaa waliigalaa tika biyyatti Joon C. Dimeers jedhaman, namoota akkasii battalattis ta’e, barriis yoo fagate murtii haqaa akka argataniif seeratti dhiyeessina jedhan. Ma Singaapporitti garlachuuf basaasuun balleessa raawwachuu Adoleessa darbe kana amane. Ragaan barreeffamaa mana murtiirraa argame akka agarsiisutti, bara 2015 wayita barata digirii sadaffaa Singaappoorittii baratu waraqaa qorannoo Beejingitti dhiyeesse Chaayinaaf akka basaasuuf filatame. Namtichi Juun Wii Yoo maqaa masoo Diksan Yehoo jedhamuun beekamus akka gorsaa siyaasaatti Ameerikaatti erga qacaramee booda odeeffannoo basaasaa Chaayinaaf sassabuun himatameera.
Koronaavaayiras: Chaayinaa Beejingitti weerarri Covid-19 marroo lammaffaa dhufinnaa sodaatamaa jira Maagaalaa guddoo Chaayinaa Beejiingii keessatti lafa gabaa baayyee beekamaa tokkotti namoonni koronaavaayirasiin irratti argamuun weerarri Covid-19 marroo lamaffaaf deebii'uu mala sodaa jedhu uumeera. Taateen kunis erga magaalattii keessatti namni dhumaa vaayirasichi irratti argamee guyyoota 50 booda kan ta'eedha. Weerarri kunis lafa gabaa gurgurtaa jumlaa Zhunfaadii jedhamuutti argamuudha. Haaluma kanaanis namoota 517 lafa gabaa kanarraa qorataman keessaa namoota 45 irratti Covid-19 argamuu, qondaalli bulchiinsa aanichaa beeksiiseera. Haata'u malee, namoota kanneen keessaa tokkoyyuu miirri dhukkubbii irratti hin mullannee. Kanarraa ka'unis, bakkawwan lafa gabaa kanatti dhiyoo argaman 11 keessatti uggurri kan labsame yoo ta'u, hojjattoonni gabaa kanaa kuma 10 ta'an qoratamuuf jedhameera. Aaanga'oonni nama lafa gabaa sana waliin dhiheenyatti tuttuqqaa qaban kamiiyyu, akkasumas namoota aanaalee naannicha keessa jiraatan hunda qorachuuf akka jiran himaniiru. Kunis erga guyyoota 50 darbanii asitti taatee vaayirasii haaraadha jedhameera. Waa'ee taatee vaayirasiichaa haaraa maal beekna? Lafti gabaa Zhunfaadii kan kibba-Lixa Aanaa Feengtaatti argamu kan cufame guyyaa Sanbataa ganama keessa ture. Kunis erga namoonni dhiheenya kana gabaa sana erga dhaqanii booda Covid-19 qabamunsaanii mirkanaa'een booda ture. Isaan boodas qorannoo lafa gabaa kanaatti taasifameen namoonni 45 vaayirasichaan qabamunsaanii mirkanaa'e. "Nageenya hawaasa ballaatiif jechaafi fayyinaaf dursa kennuuf, lafa gabaa Zhunfaadiifi naannoo ishee irratti tarkaanfii uggurraa keenyee jirra,'' jechuun ture qondaalli aanichaa Chuu Junwee isan kennanniin. Aanichis amma, ''haala yeroo muddamaa tibba waraanaa keessatti argama,'' jedhaniiru.
Aanichis amma, ''haala yeroo muddamaa tibba waraanaa keessatti argama,'' jedhaniiru. Miseensoonni poolisii dhibbaatamaan lakkaa'amanis uggura kaa'amee hojiirra olchuu eegalaniiru. Sararriiwwan geejjibaafi manneen barnootaas cufamaniiru. Beejiingi keessatti sochiilee ispoortii taasiisuuf mirgi kan mulqame yoo ta'u, dhaabbileen ummataa hedduunis deebiifamanii cufamaniiru. Weerarri koronaavaayirasii dambaliin lammaffaan magaalaa guddittii kana keessatti deebii'ee ka'u danda'a sodaan jedhu umameera. Weerarri koronaavaayirasii Chaayinaa erga Magaalaa Wuhaan keessatti argameen boodas, tarkaanfii ugguraa isa addunyaarratti cimaa jedhameen to'atamee ture. Namoota addunyaarratti sababii Covid-19 lubbunsaanii badee 426,000 keessaa Chaayinaan lammiileeshee 4,600 dhabdee jirti, akka ragaana Yunvarsitii Joon Hopkins mullisuutti. Qondaaltoonni Chaayinaas lafti gabaa guddichi kan kuduraafi foon %80 dhiyeessu kun madda weerara koronaavaayirasii ta'uu akka danda'e hin mirkanneeffanne. Baatii dhihoo keessa ammoo tarsiimoon mootummaa Chaayinaa magaalaa koronaavaayirasiin keessatti argame kamuu gutummaatti adda baasuudha. Kunis bu'aa argamsiisaa kan ture yoo ta'u, wayita vaayirasichi kan to'atame fakkaataa jiru kanatti guutuu Beejiinji ugguruun garuu waan hariitiidhaan raawwachuu barbaadan hin fakkaatu.
Koronaavaayirasi: Chaayinaan guyyaa 10 keessatti guutuu Wuhaan qorachu dandeessii? Chaayinaan jiraattota magaalaa Wuhaan bakka weerari Covid-19 irraa eegalee hunda qorachuuf karooraa cimaa baafte jirti. Ibsi kunis jalqaba Eblaatii as yeroo jalqabaatiif namoonni koronaavaayirasiin qabaman haaraan jaha erga magaalattii keessatti argamaniin booda kan taasifameedha. Aanga'oonni namoota miliyoona 11 magaalaa Wuhaan keessa jiraatan hundaa qorachuuf waadaa galani. Qorachuun hangam fudhataa? Dhuma baatii Eblaatti mootummaan bulchiinsa Hubeeyi guyyaa guyyaatti namoonni kumni 63 Wuhaan keessatti qoratamaa jiraachu gabasanii ture. Caamsaa 10'tti ammoo baay'inni jedhame sun gara kuma 40'tti gad bu'ee. Akka gaazexaan Hubeeyi tokko gabaaseetti, magaalattii keessaa jidduugalawwan qorannoo 60 oliitu jira. Dandeettiin waliigalaa guyyaa jiddugalawwan kanneen inni guddaan 100,000 yoo ta'u, karoora guyyoota 10 keessatti jiraattoota magaalaa gutuu qorachuu fiixa baasuuf baay'ee cimaa ta'a. Kanaafu aanga'oonnis ''Magaalicha keessatti bakkeewwan tokko tokkotti qorannoon Caamsa 12'tti bakka biraatti ammoo Caamsaa 17, bakka hundatti guyyaa walfakkaataa waan hin eegalleef guyyaa 10 keessatti hin xumuramu ta'a,'' jedhaniiru. Haa ta'u malee ''aanaaleen hundi qoranicha jalqabanii guyyoota 10 keessatti ni xumuru.'' Hanga ammaati hangamitu qoratamee? Akka midiyaalee biyya keessaa gabaasaniitti, hanga Caamsaa 14'tti namoonni miliyoona 2.7 ta'an magaalattii keessatti qoratamaniiru. Garuu ammoo Yunivarsitii Wuhaaniitti Daarektarri Itti aanaan Kutaa baayolojii, Yaang Zhaangituu akka jedhaniitti jiraattoonni Wuhaan miliyoona sadii hanga shanii ta'an qoratamaniiru. Baayyinni lakkoofsa jiraattoota magaalattii miliyoona 11 jedhamuus caaluu ykn isaan gadi ta'u mala.
Baayyinni lakkoofsa jiraattoota magaalattii miliyoona 11 jedhamuus caaluu ykn isaan gadi ta'u mala. Aanga'oonni akka jedhaniitti jiraattoonni magaalattii miliyoona shan ta'an bara haaraa biyyattiitiif Amajjii 23 uggura taasifameen duraa magaalattii bahanii jiru. Uggurichi hanga Ebla 8'tti ture. Kanaafuu sana keessa namoonni meeqa akka deebii'an ifa miti. Ofii hundi qoratamu qabaa? Pirofeesar Yaang akka jedhaniitti hanga naannoo isaanitti namni vaayirasichaan qabame hin gabaafamneetti hundi qoratamuun dirqama miti. Aanga'oonnis namoota caalaa saaxilamoo ta'an qorachuu akka eegalan himan. Fakkeenyaaf namoota umuuriin deeman, naannoo baayyee walitti baayyachuun jiraatamu, akkasumas kanneen hojii murteessoo kan akka eegumsa fayyaa irra hojjataniin eegalama jedhaniiru. Akkasumas namoonni guyyoottan torban darban keessatti qorataman irra deebiin hin qorataman. Garuu Dureen dhukkuboota daddarboo Jidduugalli Ittisaafi To'annoo Dhukkuboota Chaayinaa Wu Zunyou TV mootummaa biyyattiitti akka himaniitti, ''vaayirasichi namoota dandeettiin dhukkuba ittisu saanii dadhabaa ta'e irratti yeroo dheeraa fudhachu danda'a. Kanaafu, namoonni akkasi miira dhukkubbii mulatee baduuf saaxilamoodha,'' jedhaniiru. Pirofesar Yaang akka jedhaniitti: ''Namoonni erga qoratamanii bilisa ta'anii boodas kan faalaman yoo ta'ees hin beekamu.'' Akkasumas Kaawunsilii Dhimmoota Biyyoota Alaa US'tti buu'ura taasifate keessatti qondaala fayyaa addunyaa olaanaa kan ta'an Yaanzhong Haang akka jedhaniitti, ''Ammalleen gara fuula duraatti weerarri addaa kan qorannoon bal'inaan taasifamu fala hintaane mudachu mala.''
Koronaavaayiras: Tiraamp jibba Chaayinaan Afriikaaf qabdu WHOn callisee ilaale jedhe Pirezidaantiin Ameerikaa Donaald Tiraamp jibba sanyummaafi loogii lammilee Afriikaa Chaayinaa jiranirratti raawwatamaniif Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa (WHO)n deebii cimaa kennuu dhiisuu isaatiif qeeqan. Lammiileen Afriikaa magaalaa Gungzhuu, Chaayinaa keessatti argaman weerara Covid-19n wal qabatee loogiin sanyummaatiin dhiibbaan irra gahuu gabaafamee ture. Pirezedaant iraamp Dhaabbata Fayyaa Addnyuutaatiin 'jala-deemtuu' Chaayinaa jechuun deeggarsa maallaqaa biyyi isaa dhaabbatichaaf taasistu akka dhaabu akeekkachiisuun isaa ni yaadatama. Kana malees, Tiraamp irra deedeebiin Chaayinaan weerara Covid-19 ittisuuf sochii gahaa hintaasifne jechuun wayita himatan ni dhagahamu. Akka biyyoonni addunyaa weerara kana dura dhaabbachuuf dursanii hin qophoofneefis odeeffannoo wayitawaafi sirrii kennaa hin turre jechuun Chaayinaa balaaleffata Pirezedaantichi. Komii Tiraamp Chaayinaa irratti kaasan kana keessattis ammooo gaheen WHO ni jira. Akka Tiraamp jedhutti Chaayinaan weerara koronaavaayirasii bakkuma irraa ka'e sanatti to'achuu dandeessi ture. Garuu WHOn ammoo kana irratti Chaayinaa qeequu dhiisee guddisee jajaa ture jedha. Yeroo darbee lammiilee Afriikaa Chaayinaatti sabbaba weerara koronaavaayirasiitiif dirqamaan akka adda baafamuun turan, bakka jiraatan akka gadhiisaiifi tajaajilawwan akka hinargannee taasifamuunsaanii gabaafameera.. Tiraampis xalayaa dursaa Dhaabbata Fayyaa Addunyaa, Dr Teedroos Adihaanoomiif barreessaniin, dhaabbatichi gochawwan loogiifi jibba sanyummaa Chaayiinaa irratti raawwatameef yaada hinkenniine jechuun himateera. Qabiyyeen xalayaa Tiraamp kunis dhimma lammiilee Afriikaa Chaayinaa Guwaangzuu keessatti wallakkeessa Eblaatti akka dirqamaan koronaavaayirasiitiif qorataman taasifame kan ilaalaltuudha.
Qabiyyeen xalayaa Tiraamp kunis dhimma lammiilee Afriikaa Chaayinaa Guwaangzuu keessatti wallakkeessa Eblaatti akka dirqamaan koronaavaayirasiitiif qorataman taasifame kan ilaalaltuudha. Viidiyoon lammiileen Afriikaa dirqamaan mana jireenyaafi hoteelota keessaa ari’ataman wayita daandiirra ciisan mullisu tokkos gadhiifamee ture. Namoonni viidiyoo sanarratti dubbataa turan akka himaniittis, dirqiidhaan akka qorataman taasifamaa turan. Tibba sanattis aanga’oonni Guwaangzuu himannaa jibbinsa sanyii jedhame haalanii ture. Haata’u malee, Tiraapm akka jedhuutti Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa ‘gochawwan jibba sanyummaa kana cimsee balaalleeffachuu qaba ture.’’ Tiraamp xalayaa Dr Teediroosiif ergee ture fuula tiwiita isaarratti qoodeera.
Joon Booltan: Kitaabni haaraan gorsaa nageenyaa duraaniin barraa'e Tiraamp saaxile Pireezidantiin Ameerikaa Donaald Tiraamp filannoo marroo lammataa injifachuuf pireezidantii Chaayinaa Shii Jiinpiing irraa gargaarsa gaafataniiru jechuun kitaabne gorsaa nageenya biyyaalessaa duraanii Joon Booltan saaxile. Tiraamp Chaayinaan omishaalee qonnaa qonnaan bultoota Ameerikaa akka bittu barbaadu jedhan Obbo Booltan, akka kitaaba isaanii keessatti barraa'etti. Itti dabaluunis Tiraamp akkamitti 'White House' hogganuu akka qaban surumaa hubannoo hin qaban jechuun qeeqa. Bulchiinsi Tiraamp kitaabichi maxxanfamee akka hin baane ugguruuf yaalii godhaa jira. Donaald Tiraamp 'Fox News'tti akka himanitti, wanti Booltan barreesse "iccitii biyyaati, maxxansuuf hayyama hin qabu, seera cabseera" jedhan. "Nama gatame, amma booda faayidaa hin qabnedha, carraa kenneefiin ture" jechuunis gorsaa nageenyaa isaanii duraanii ibsan. Joon Booltan bara 2018 ture Waayit Haawus kan seene. Bara itti aanu Fulbaana keessa fedhii isaatiin aangoo gadi dhiisuu hime. Pireezidanti Donaald Tiraamp garuu yaada isaatiin waan walii hin galleef 'nan ari'e' jedhanii ture. Kitaabni haaraan fuula 577 qabu mata duree 'The Room Where It Happened' jedhuun barraa'e Waxabajjii 23 gabaarra oola. Haa ta'u malee Roobii darbe Waajjirri Haqaa manni murtii kitaabicha akka ugguru ajaja ariifachiisaa gaafatee jira. Dhaabbanni kitaabicha maxxansu ' Simon & Schuster' gaaffiin Waajjira Haqaa kun fedhiin siyaasaan kan dhiyaate akka ta'e beeksiseera. Kitaabichi kuma hedduun lakkaa'amu guutuu addunyaatti raabsamuus himeera. Filannoo Sadaasa dhufuu irratti Tiraampiin kan morkatan Joo Baayidan, "wanti kitaabicha keessatti jedhame dhugaa taanaan, pireezidantichi itti gaafatamummaa uummata Ameerikaan itti kenname cabsaniiru jechaadha" jedhan.
Walgahii biyyoota Garee 20 Jappaan Osaakaatti Waxabajjii bara darbe taasifame irratti pireezidanti Shii Jiinpiing waliin kan wal argan Donaald Tiraamp filannoo akka irra aanan deeggarsa gaafataniiru jedhu Booltan. "Haala nama ajaa'ibuun marii gaafasii waa'ee filannoo Ameerikaa 2020 taasisan, Chaayinaan humna diinagdee qabduun filannicha akka injifatan akka gargaartu deeggarsa gaafatani," jechuun barreessan. Chaayinaan omishaalee qonnaa Ameerikaa akka qamadii bituun barbaachisumaa filannoo injifachuuf qabu irratti xiyyeeffatanii dubbataa turani jedhu. Filannoo bara 2016 irratti qonnaan bultoonni hedduun Tiraampiif sagalee kennan. Wa'ee walitti daldaluu omishaalee qonnaa kana aanga'aan olaanaa Daldalaa Ameerikaa sobadha jedhan. Gama kaaniin kolleejjiiwwan Chaayinaan muslimootaa fi kanneen saboota xixiqqoo ta'an keessatti uggurtee akka ilaalcha isaanii jijjiiran gootuf Tiraamp deeggarsa mul'isaniiru jechuun yakkan Booltan. Bulchiinsi Tiraamp waan kana uummata duratti balaaleffataa ture. Inumaa dhimma kanaan wal qabatee Chaayinaara qoqqobbii kaa'uuf pireezidantichi ajaja dabarsanii turan. Chaayinaan komii gama kanaan irratti dhiyaatu waakkataa turte. Sochiin pireezidant Tiraamp aangoorraa kaasuu ji'oota darbee sun osoo silaa Yuukireen qofarratti xiyyeeffachuu baatee itti bahi isaa adda ta'a ture jedha kitaabni Booltan. Kitaabichi badi pireezidantichi raawwataniiru jedhu kan maqaa pireezidanticha faalan kaanis qaba. Kanneen keessaa tokko pireezidantichi UK'n meeshaa niwukileeraa akka qabdu hin beeku ture kan jedhudha. Walgahii bara 2018 ture tokkorratti Tiraamp dubbii aanga'aa UK tokko harkatti qabanii 'ahaa meeshaa niwukileeraa qabduu?' jedhanii gaafatan jedha. Veenzuweelaa weeraruun 'yaada bareedaa' ta'uu, lola afgaanistan ilaalchisee ammoo 'nama wallaalaa Joorji Bush jedhamutu kana godhe' jechuun isaaniis kitaabicha keessatti barraa'ee jira.
Veenzuweelaa weeraruun 'yaada bareedaa' ta'uu, lola afgaanistan ilaalchisee ammoo 'nama wallaalaa Joorji Bush jedhamutu kana godhe' jechuun isaaniis kitaabicha keessatti barraa'ee jira. Gorsitoonni fi Waayita Haawus keessatti namoonni isaan waliin hojjetan gammachuu akka hin qabnee fi bahuu akka fedhan Booltan barreessaniiru. Kanneen keessa tokko nama Tiraampiif amanamoodha jedhaman ministira haajaa alaa Maayik Poompiyoo tokko ta'u himan. Tiraamp biyya guddoo akka Ameerikaa haa hafuuti Waayit Haawus akkamiin akka hogganuu qaban nama beekan miti jedha kitaabichi.
Qorichi koronaavaayirasii fayyisa jedhamee abdatame ture ‘yaalii jalqabaan fashale’ Qorichi farra vaayirasii 'remdesivir' jedhamuufi qoricha koronaavaayirasiif akka ooluuf yaalii kilinikaa jalqabaa namarratti taasifameen milkaa’uu dhabuun isaa gabaafame. Qorichi kuni koronaavaayirasii yeroo ammaa addunyaa yaaddoo keessa galche hin fayyisa jedhamee bal’inaan abdatamee ture. Qorichi kuni Chaayinaatti yaalamus nama koronaavaayirasiirraa fayyisuu hin dandeenye jechuun ragaan tasa marsariitii Dhaabbata Fayyaa Addunyaarra bahe mirkaneesse. Akka ragaa kanaatti, qorichichi haala dhukkubsattootas hin foyyeessine orgaanizimii dhiiga keessa jiruufi dhukkuba daddabarsuuf xiqqeessuu hin dandeenye jedhameera. Dhaabbanni Ameerikaa qoricha kana oomishu ‘Gilead Sciences’ jedhamu garuu ragaan Dhaabbata Fayyaa Addunyaa gadhiise qorannoo taasifame haala dogongoraan ibse jechuun himate. Oduun yaaliin qorichaa milkaa’uu dhabuu isaa himu marsariitii Dhaabbata Fayyaa Addunyaarratti bahee ture jennaan dhagahame. Ta’us, boodarra kaafame. Boodarra dhaabbatichi dogongoraan gadhiifame jedhee mirkaneesse. Akka ragaa gadhiifameen, qorattoonni dhukkubsattoota 237 qoratani. Namoota 158’f qoricha kennanii kanneen qoricha xiinsammuu isaanii cimsu fudhatan 79 wal bira qabani. Namoota 79 kanaaf qoricha fayyisu oso hin taane kan xiinsammuu isaanii cimsu, ‘placebo’ jedhamutu kennameef Ji’a tokko booda, dhukkubsattoonni 13.9% qorichicha fudhatanii du’an. Kanneen xiinsammuun isaanii akka cimuf kenname keessaa immoo 12.8%’tu du’e. Kanaaf, yaaliin qorichaa battaluma akka dhaabbatu ta’e. ‘‘Remdesivir’ nama fayyisuus ta’e vaayirasii qorachuu dandeessisu hin argamsiisne,’’ jedha xiinxalli ragaa kanaa. Dhaabbanni ‘Gilead’ jedhamu ragaan marsariitii Dhaabbata Fayyaa Addunyaa iratti gadhiifame hiika biraatu kennamef jechuun morma.
Dhaabbanni ‘Gilead’ jedhamu ragaan marsariitii Dhaabbata Fayyaa Addunyaa iratti gadhiifame hiika biraatu kennamef jechuun morma. Dubbii Himaan dhaabbatichaa akka jedhanitti yaaliin dafee akka dhaabbatu kan ta’ef kanneen irratti akka yaalamu fedhan lakkoofsi isaanii xiqqaa waan ta’efidha. Nama xiqqaarra yaalanii baasuun immoo ija sitatistiksiin sirrii miti jedhan. ‘’Sababa kanaaf, bu’aan qorannoo kanaa gahaa miti,’’ jechuun himan. Kuni garuu xumura qoricha kanaa miti. Yaaliin itti fufe taasifamuun itti fayyadama qoricha kanaa irratti waan ifa ta’e akka barru nu taasisa jedhan.
Carraan Koronaavaayirasiin du’uu hangam akka ta'e beektuu? Qorattoonni yeroo ammaa namoota dhibee Koroonaavaayirasiin qabaman 1,000 keessaa shanii hanga 40 ta'an du'uu danda'u jedhanii yaadu. Tilmaama sirriitiin ammoo namoota dhibee kanaan qabaman 1,000 keessaa sagal kan ta'an ykn %1 kan ta'u lubbuun ni darba jedhu. Dilbata darbe Ministeerri Fayyaa UK Maat Hankook, "qorannoon baayyee gaariidha jedhame mootummaan gaggeesse" carraan dhibee kanaan du'uu "%2 gadi ykn isaan gadillee ta'uu mala" jedhan. Haata'u malee, dhimmoota adda addaa irratti hundaa'a: akka umurii, saalaafi haala fayyaa kee walii galaa, akkasumas sirna fayyaa irratti hundaa'a. Tilmaamuun isaa rakkisaadha. Inumaattuu, namoota dhibee kanaan qabaman lakka'uun hedduu cimaadha. Dhibeewwan vaayirasii baayyeen yeroo hedduu osoo hin lakkaa'amin hafuu malu, sababiin isaa ammoo namoonni mallattoo dhukkubaa cimaa ta'e yeroo hin qabaannetti doktora bira deemuu dhiisu. Garaagarummaan hanga namoota vaayirasichaan qabaman keessaa du'anii guutummaa addunyaa irraa gabaafamaa jiru gosti vaayirasichaa garaa gara ta'ee miti. Akka qorannoo Kollejjiin Impeeriyaal gaggeesseeti, sababiin hangi namoota du'anii biyyoota gara garaa keessatti adda ta'uu biyyoonni kunneen dhibee kana to'achuudhaaf isa salphaafi hamaadha jedhame adda baasanii beekuu irrattidha. Kanaaf, dhibee kana hanga gabaafamuu qabu gabaasuu dhiisuun baayyina namoota du'anii akka ol ka'ee tilmaamamu taasisa. Haata'u malee, kallattii faallaa kanaatiinis dogoggora tilmaama ta'e argachuu dandeessa. Faalamni/infeekshiniin dhibee kanaa hanga fayyamutti ykn ammoo ajjeesutti yeroo ni fudhatas. Yoo dhibee hunda warra dhiibbaa uumuu hin jalqabiin jiran itti dabaltee qabatte, baayyina du'uu maluu gadi xiqqeessitee tilmaamta, sababiin isaa, dhibee boodarra gaafa hammaataa dhufu ajjeesuu danda'u keessaa hambista waan ta'eef.
Yoo dhibee hunda warra dhiibbaa uumuu hin jalqabiin jiran itti dabaltee qabatte, baayyina du'uu maluu gadi xiqqeessitee tilmaamta, sababiin isaa, dhibee boodarra gaafa hammaataa dhufu ajjeesuu danda'u keessaa hambista waan ta'eef. Namoonni tokko tokko Koroonaavaayirasiin yoo qabaman carraan du'uu guddaa isaan mudata. Namoonni kunneen maanguddoota (warra jaaran), warra dhukkubsataniifi tarii ammoo dhiirota. Namoota umuriin isaanii waggaa 30 gadi ta'aniif Koroonaavaayirasiin qabamanii carraan du'uu isaanii namoota 4,500 keessaa saddeeti. Carraan dhibee Koroonaavaayirasiitiin du'uu namoota rakkoo fayyaa kan akka shukkaaraa, dhiibbaa dhiigaa hamaa ykn rakkoo onnee ykn ammoo rakkoowwan argansuu qabaniif warra kaan waliin yeroo ilaalamu harka shan caalaa ol ka'a. Dhiiraafi dubara wal bira qabsiisuun yeroo ilaalamu ammoo lakkoofsa dhiirotaa dhibee kanaan du'anitu caala. Dhimmoonni kunneen hunduu walitti ida'amuudhaan waan gumaachaniif carraa namoonni gara garaa bakka gara garaa irraa ittiin dhibee kanaan du'uu malanii hangam akka ta'e wanta guutummaan deebisu hin qabnu. Gareen dhiirotaa umuriin isaanii waggaa 80 Chaayinaa keessa jiraatan carraan du'aaf saaxilamuu, warra umurii walfakkaatu qabaachuun Awurooppaa ykn Afirikaa keessa jiraataniin addadha. Timaamni ati kennitu wallaansa argattu irratti hundaa'a. Kun ammoo gama biraatiin, wanta jiruufi sadarkaa dhibeen kun qaqqabsiise ykn irra jiru irratti hundaa'a. Fakkeenyaaf, yoo bakka tokkotti lakkoofsi namoota dhibee kanaan qabamanii heddummaate kunuunsi kennamuuf malu xiqqaachuu mala, wantonni wallaansaaf barbaachisanis hanqachuu malu. Ammatti gorsi Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa (WHO) dhibee kanarraa of ittisuuf kenne: harkakee dhiqachuudhaan, namoota qufa'aniifi axxifatan irraa fagachuudhaan akkasumas ija, funyaaniifi afaan kee qaqqabuu dhiisuudhaan dhukkuboota sirna argansuu of irraa ittisuun of eeguu dandeessa.
Barnoota: Chaayinaan barattoota filatamoo qabaachuun dursaa jirti Biyya kamtu mana barumsaa filatamaa tahe qabdi? Deebiin kanaa namaa-namatti adda tahuu danda'a garuu qormaatni 'Programme for International Student Assessment (Pisa)' jedhamu agarsiistuu gaarii dha. Qormaati walitti fufinsaan kennamu kuni dhaabbata 'Organisation for Economic Cooperation and Development (OECD)' jedhamuun qophaa'a. Erga sagantichi bara 2,000'tti jalqabee waggaa sadiitti takkaa ijoolleee ganna 15'f kennama. (OECD)n bu'aa qoramaata bara 2018, gaafa Kibxataa ifa baaseera. Kanaanis, Chaayinaan herrega, dubbisuufi saayinsiidhaan biyyoota kaanirra aanteetu argamte. Qormaata bara darbee irratti biyyooti 76 hirmaachuun rikoordiin cabeera. Barattoonni saamudaan fudhataman 600,000 qoramaniiru. Dhaabbanni qormaata kana qopheessu OECDn biyyoota guddatan kan akka Ameerikaa, Jaappaanfi Gamtaa Awurooppaa 37 of keessaa qaba. Haatahu malee, biyyooti baay'een barattoonni isaanii madaala addunyaatiin maalirra akka jiran baruuf barbaadaa jiru. Qormaati kun qabxii barattootaa gidduugalaan biyyootaaf sadarkaa kenna. Kanaanis, qormaata dhiibbaa uumuu danda'u taheera. Barattoonni qormaata jireenya namoota qabatamaa fudhatu. Gaaffiin gaafataman murtoo akka qarshii baasan, odeeffannoo sirnaan fayyadamuufaa fudhatu. Inni bara 2018 fakkeenyaaf, gaaffii akkas jedhu ture, fooramii intarneetii tokko irratti nama lukkuu qabu tokkotu bineeldota isheef asprin (qoricha namoonni yeroo mataanfaa isaan dhukkubu fudhatan) kennuun sirrii dha jettee gaafatti. Chaayinaan qormaata jildii afuriin kennameen dursaa jirti. Haa tahu malee, barattoonni qoramaan naannoo biyyatti murtaa'oo irraa kan dhufani dha.
Haa tahu malee, barattoonni qoramaan naannoo biyyatti murtaa'oo irraa kan dhufani dha. Qaamoti mootummaa yeroo baay'ee qabxii barattoota Shaangaay irraa dhufan ilaalaa turan. Daariktarri OECD Andiriyaas Shiliichar, barattoonni dhiyeessi barnootaa ga'aa taheen hin baranne gama dubbisuutin barattoota gidduu-galaa irraa fooyyee qabu jedhan. Finlaand jildii qormaata kanaa waggoota sadiif (2000, 2003fi 2006) dursaa turte, 2015'tti Singaaportu dursa ture. Biyyooti Eeshiyaan walitti fufinsaan sadarkaa olaanaa qabachaa jiru. Chaayinaa, Singaappoor, Maakuu, Taayiwaan Jaapppaniifi Kooriyaan Kibbaa warra dursaa jiranidha. Estooniyaan immoo biyya ardii Eeshiyaan ala taate dha. Dhaabbati OECD qormaata mata duree hin beeknetti kennamu irratti barattoonni odeeffannoo qabatamaafi ilaalcha addaan baafachuu hin dandeenye kun akka isaan yaaddesse dubbataniiru. Haa tahu malee, garaagarummaan barnootaa biyyoota guddataniifi guddachaa jiranii akka yaadamu garaagarummaa guddaa hin qabu jedhan. ''Biyyoota qormaata kanaan qabxii walfakkaatu fidan yoo ilaallu, galiin akka biyyaatti qaban baayyee wal-irraa fagaata jedhan. Gama koorniyaatiinis garaagarummaa guddaatu jira jedhan. Ijoolleen dubaraa dubbisuudhaan dhiirota baayyee yoo caalan, saayinsiidhaan haala murtaa'aa taheen caalaniiru, ijoolleen dhiiraa immoo herregaan qabxii shaniin caalaniiru.
Daa'ima argachuun 'biyyoota guddataniif ulaagaa angafaa' ta'uu qorannoon mul'ise Biyyoota guddatan keessatti dubartoonni abbaa warraa dhala barbaadu, kan dhala argachuu hin barbaanne caalaa akka filatan qorannoon ifa godheera. Qorannoon Yunvarsiitii Siwaansiittii gaggeeffame akka argadhe jedhutti, dubartoonni biyyoota warra aadaa Lixaa keessa jiraatan; kanneen warra biyyoota gara Bahaa keessa jiran caalaa dhiira daa'ima argachuuf fedha qabu abbaa warraa isaanii godhachuu filatu. Dubartoonniifi dhiironni biyyoota Lixaa akka UK fi Awustiraaliyaa nama ijoollee horachuuf fedha qabanitti heerumuu ykn fuudhuuf akka filatan qorannoon kun dhugoomseera. Yunvarsiitii Siwaansiirraa kan ta'e Dr Andiriiwu Tomaas, akka jedhetti, fedhiin akkasii kun kan uumamuu danda'eef filannoowwan karoora maatii foyyaa'aa jiraachuudha. Dubartootas ta'e dhiironni ulaagaan gaa'ela nama biraa waliin ijaarrachuuf dursa kennaniif keessaa aadaa lamaan--Lixaafi Bahatti keessatti miidhaginniifi gara-laafummaadha. Qorannoon saayintistoota Yunvarsiitii Siwaansiifi dhaabbileen qorannoo biroo waliin gaggeessan kun guutummaa addunyaarratti namoota 2,500 akka saamudaatti filachuun yoo ta'u, nama gaa'ela waliin dhaabbachuuf filatan qabeenyi maallaqaa isaanii walfakkaataa akka ta'u gochuudhaan gaggeeffame. Bajata isaanii daangessuun namoonni kun akka nama waliin gaa'ela dhaabbtan ulaagaalee akkamiif dursa kennuun akka filatan taasifamaniiru. Ulaagaaleen filannoo dhirsaa ykn haadha warraa dhiyaatan keessaa gara laafummaa, bifa/miidhagina, maallaqa, ho'a qabaachuu, daa'ima argachuu fedhuu, dandeettii waa uumuu, amantaa, fuudha irratti fuudha kan jedhan keessatti argamu. Ulaagaa kanaan dubartoonni biyyoota Lixaafi Bahaa lamaanuu ulaagaalee gara laafummaafi bifa/miidhaginaaf dursa kennu.
Ulaagaa kanaan dubartoonni biyyoota Lixaafi Bahaa lamaanuu ulaagaalee gara laafummaafi bifa/miidhaginaaf dursa kennu. Daa'ima argachuu fedhuurratti ammoo dubartoonni biyyoota Lixaa warra biyyoota gara Bahaa caalaa ulaagaa dursa kennaniifidha. Dubartoonni biyyoota Lixaafi Bahaa lamaanuu nama fuudha irratti fuudha barbaaduu dhiisuunis walfakkaatu. Dr Tomaas akka jedhanitti, garaa garummaan kun filannoowwan maatii karoorfachuu aadaa warra Lixaa keessa jiraachuu ta'uu mala jedhan. "Aadaa biyyoota Lixaa keessatti mala ulfa ittisuutu jira, ulfa baasuudhaafis bilisummaa ni qabaanna," jedhe. "Waan barbaadne gochuufi dhiisuuf filannoo ni qabna. akka nama biyya Lixaa tokkotti lafumaa kaatee 'Ani dhala argachuu hin barbaadu jechuun ni danda'ama' biyyoota gara Bahaaf garuu saal-qunnamtiif walitti dhufeenya taasisuun wanuma akka uumamaa ta'eetti ilaalamudha." Aadaawwan hunda keessatti dhiiraafis ta'e dubartootaaf qajeelummaa/gara laafinni dursi kan kennamuuf ta'ullee, miidhaginni qaamaa biyyoota gara Lixaa biratti bakka guddaa qaba.
Addunyaan rakkoo Covid, maaree-jaldeessaafi waraanaa keessa jirti - WHO Addunyaan rakkolee “ciccimoo” kan akka Covid, waraana Yukireen fi dhibee Maaree-jaldeessaa (monkeypox) keessa akka jirtu, hogganaan Dhaabbata Fayyaa Addunyaa (WHO) akeekkachiiseera. Dr Tedroos Adihanoom Gebreyyesuus kana kan dubbatan, ogeessonni fayyaa UN Afrikaan ala wa’ee tatamsa’ina dhibee maaree-jaldeessaa biyyootii 15 keessa jiru irratti yemmuu Jeneevaatti mari’atanittidha. Awurooppaa, US, Kaanadaa, Awustiraaliyaa fi Israa’eel keessatti namoonni 80 ol dhibee kanaan qabaman adda baafamaniiru. Ta’us garuu carraan uummata bal’aatti tatamsa’uu isaa akka xiqqaa ta’e himameera. Maaree-jaldeessaa vaayirasii baayyinaan gidduugaleessaa fi Lixa Afrikaa keessatti argamu- dhibee namaa nama biraatti kan salphaatti darbuu kan hin taanee fi yeroo hedduu dhukkubbii giddugaleessa ta’e kan qabudha. Akka Tajaajilli Fayyaa UK jedhutti, namootni dhibee kanaan qabaman hedduun isaani torbanoota muraasa keessatti ni bayyaannatu. Saayintistoonni tatamsa’ina kana kan hin eegne yoo ta’u, qondaaltoonni fayyaa UK ammoo, dhibamtoonni dhibee maaree-jaldeessaa kanaa torban sadiif akka adda of baasaniif gorsa haaraa kennaniiru. Beeljiyeem namooti dhibee kanaan hubaman turban sadiif akka adda of baasaniif Jimaata beeksisuun biyya ishee jalqabaadha. Lakkoofsi namoota haaraa dhibee kanaan UK keessatti qabamanii Wiixata akka ifa taasifamu, gaazexaan the Guardian gabaaseera. Hanga ammaatti UK keessatti namoonni 20 dhibee kanaan qabamuu isaanii Dhaabbati Eegumsa Fayyaa UK kan ibse yoo ta’u, gorsituun meedikaala dhaabbatichaa Dr Suusaan Hoopkiins akka BBC’tti himanitti, “guyya guyyaan namootaa dhibee kanaan qabaman haaraa argachaa jirra,” jedhaniiru.
Hanga ammaatti UK keessatti namoonni 20 dhibee kanaan qabamuu isaanii Dhaabbati Eegumsa Fayyaa UK kan ibse yoo ta’u, gorsituun meedikaala dhaabbatichaa Dr Suusaan Hoopkiins akka BBC’tti himanitti, “guyya guyyaan namootaa dhibee kanaan qabaman haaraa argachaa jirra,” jedhaniiru. Vaayirasichi amma hawaasatti akka tatamsa’aa jiru himuun, ta’us namoota qabaman keessa kan nama Lixa Afrikaa irraa dhufee waliin hariiroo hin qabani. Ta’us garuu carraan dhibee kana uummata bal’aatti tatamsa’uu isaa “baayyee xiqqoo” akka ata’e Dr Hoopkiins himaniiru. Dhibee maaree-jaldeessaaf talaalliin kallattiin qophaa’ee jiraachuu baatus, biyyootiin hedduu garuu talaallii dhibee smallpox, kan vaayirasii maaree-jaldeessaa %85’n ittisuu danda’u, bituu akka eegalan ibsaniiru. Tatamsa’inni vaayirasii maaree-jaldeessaa amma maaliif akka uumameeru ammatti ifa miti. Tilmaamni jiru tokko vaayirasii tarii hanga tokko geeddaramee ta’uu danda’a kan jedhudha, ta’us garuu gosi vaayirasichaa haaraan jiraachuu fi dhiisuu isaa irratti amma ragaa muraasa qofatu jira. Tilmaamni biraan vaayirasichi tarii bakka itti wal horee baayyachuu danda’u keessatti argame ta’uu danda’a kan jedhudha. Vaayirasiin maaree-jaldeessaa isa yeroo durii, yeroo talaalliin smallpox keessa turetti tatamsa’ina qabu ture caalaa amma salphaatti tatamsa’uu danda’a.
UStti dawaan ulfa ittisu yeroo duraaf ajaja hakiimaa malee akka gurguramu gaafatame Dawaan ulfa ittisu Ameerikaa keessatti yeroo jalqabaaf eeyyama hakiimaa malee dukkaana qorichaatti akka gurguramu dhaabbanni qoricha oomishuufi daldaluu irratti bobba’e gaafate. Kunis Manni Murtii Waliigalaa Ameerikaa mirga ulfa baasuu dhorkee torbanoota booda dhagahame. Dhaabni qorichaa teessoonsaa Paariis tahe, ‘HDA Pharma’ iyyannoon Dhaabbata Nyaataafi Qorichaa Ameerikaaf galche, dhorkaa mirga ulfa baasuu tibbanaa wajjin hariiroo hin qabu jedhe. Kiniinii ulfa ittisuuf bal’inaan US keessa faayidaarra oolu bitachuuf hakiimaan ajajamuutu irra jiraata. Akka qorannoowwan agarsiisaniitti Ameerikaa keessatti ulfi dhibbeentaa 50 ol ykn ulfi namoota miiliyoona 6.2 tahanii kan karoorfame miti. Qorichi ulfa ittisu US’tti waggaa 60 dura faayidarra oolus, dubartoonni biyyattii tokko sadaffaa tahan qoricha kana bituuf eeyyama hakiimaa argachuuf rakkoon isaan mudata. Akka addunyaatti biyyooti 100 ol qoricha ulfa ittisu kan afaaniin fudhatamu eeyyama hakiimaan ala gurguru. Ameerikaan garuu biyyoota addunyaa muraasa eeyyama gaafatan keessati. Dhaabonni qorichaa Ameerikaa baayyee Ameerikaatti qorichi kuni eeyyama hakiimaan ala akka bitamuuf akka eeyyamtu gaafachaa jiruu. Dhaabbata qorichaa HDA Pharma’tti hoggantuun raawwii hojii, Fireediriik Weelgiriin, iyyatni dhaabbatichaa kuni haqa dhimma wal-hormaataa Ameerikaa keessatti ‘’battala murteessaa tahe dha,’’ jette. Iyyannoon kuni, qorannoo dhaabichaa waggaa dheeraan booda kan taasifame dhas jettetti. "Qoricha ulfa ittisuufi kan miidhaa biraaf hin saaxille eeyyama hakiimaa malee gurguruun dubartoonniifi namoonni kaan danqaa tokko malee dawaa kana akka argatan godha,’’ jette. Dhaabbanni kuni, iyyannoosaaf Dhaabbata Nyaataafi Qorichaa Ameerikaa irraa bara dhuftu murtoo akka argatu himeeera.
Dhaabbanni kuni, iyyannoosaaf Dhaabbata Nyaataafi Qorichaa Ameerikaa irraa bara dhuftu murtoo akka argatu himeeera. Eeyyamni argamu kunis dhaabota qorichaa ‘Opill’ jedhaman qofarratti kan hojjetu dha. Qorichi kuni eeyyama hakiimaan bara 1973 irraa qabee hojiirraa oolaa ture. Iyyannoon ‘HDA Pharma’ yeroo Ameerikaatti dhimma mirga wal-hormaataa irratti falmiin jabaa dhagahamaa jirutti dhiyaate. Seera-tumtoonni demookiraatotaa fi ulfa baasuu deeggaran Dhaabbanni Nyaataafi Qorichaa Amaeerikaa iyyannoo akkanaa akka fudhatuuuf waamicha dhiyeessaa jiru. Gama biraan gamtaan miseensota bakka bu’oota uummataa Rippaablikaanotaa, ulfa baasuu morman 50 tahan, baatii Bitootessaa keessa xalayaa banaa barreessuun dhaabbanni kuni, "iyyannoo qorichi ulfa baasu eeyyama hakiimaan ala dukkaana qorichaatti akka gurguramu jedhu akka qoratuufi murtoonsaa odeeffannoo irratti akka hundaa’u,’’ jechuun barreessanii turan. Aadde Weelgriin, ‘’iyyannoon dhaabicha dhimma tibbanaa ulfa baasuu wajjin kan wal-qabtu miti, akkuma tasaadha walirra bu’ee,’’ jette. "Qorichi ulfa ittisu, mirga ulfa baasuuf furmaata mitis," jette. Murtoo dhorkaa ulfa baasuu Ameerikaan booda, daldaltoonni qoricha ulfa ittisu raabsaa jiru, fedhiin bittaa qorichaa kanaas dabaleera jedhameera.
Dargaggoonni Arabaa maaliif qoricha miira saal-quunnamtii kakaasutti fuula deebifatan? Dukkaana qoricha aadaa magaalaa guddoo Masrii Kaayiroo, ollaa seenaa-qabeettii Baab Al-Shaariyaa keeessatti ogeessi qorichaa Raabaayi al-Habashi "bulbula qorichaa ajaa’iba," jedhu agarsiifata. Al-Habashiin qoricha miira saal-quunnamtii kakaasu gurguruun Kaayiroo keessatti maqaa horateera. Waggoota darban keessatti garuu wanti maamiloonni barbaadan jijjiiramuu argeera jedha. "Yeroo ammaa dhiironni baay'ee vaayaagiraa ykn ‘blue pills’ dhaabilee biyyoota Lixaa irraa bitu," jedhe. Qorannoowwan baay'een dhiironni biyyoota Arabaa qorichoota miiraa fi qaama saalaa saanii kaasan kanneen akka Vaayaagiraa, Vaardeenaafil fi Tadalaafiil jedhaman fayyadamu. Ragaaleen kunneen jiraatanillee ammoo dhiironni baay'een BBC’n dubbise garuu qorichoota kunneen fayyadamuu isaanii ni waakkatu. Kaan immoo gonkumaa dhimma kanarratti dubbachuu hin barbaadan. "Naamuusa hawaasa isaaniin ala," akka tahes himu. Qorannoo bara 2012tti taasifameen qoricha qaamni saalaa dhiiraa akka ka’uu godhu fayyadamuun biyyoota Arabaa keessaa Masriin sadarkaa lammaffaa irra jirti. Gaazexaan Saa’udii Al-Riyaadhi bara gabaasa kana baasetti, Saa’udiin waggaatti qoricha miira saal-quunamtii kakaasu irratti doolaara biiliyoona 1.5 baasti jedhe. Haala kanaan Saa’udiin Raashiyaa lakkoofsa uummataa dachaa shan caalu qabdurra dachaa kudhan kiniinii kana fayyadamti. Masriin ammoo warreen sadarkaa jalqabaa jiran keessaati. Ragaan mootummaa akka agarsiisutti, biyyattiin waggaatti kiniinii qaama saalaa dhiiraa kaasu kan doolaara miiliyoona 127'n tilmaamamu gurgurteetti.
Kun immoo gabaa qorichaa Masrii waliigalaa keessaa 2.8 kan tahuun qixxeedha. Bara 2014tti kiniiniin miira saal-quunnamtii kakaasu kan Al-Fankoosh jedhamuu gabaa Masrii keessatti bifa chokkolaataan dhiyaate. Yeroo muraasa booda garuu kiniinin kun ni dhorkame. Oomishtoonni hidhaa bu’an, miidiyaaleen biyya keessaa qorichi kun ijoolleetti akka gurguramaa ture himan. Kiniinii farraa dadhabbii saal-quunnamtii yeroo baay'ee dhiirota dargaggoo irra warra ga’eessaatu fayyadama. Yaman keessatti garuu ragaan ministeera fayyaa dhiiroti umriin isaanii 20-45 keessa jiran kiniinii kana fayyadamu jedha. Gabaasoti biyyoota kanaa kiniiniiwwan kanneen akka Vaayaagiraa dargaggoonni bashannanaaf akka fudhatan himu. Kunis waraana walii waliinii Yaman finciltoota Huutii fi mootummaa biyyattii Saa’udii Arabiyaan deeggaramuun booda waan baramaa dhufe dha jedhan. Mohaammad Safaaksii Tuunisiyaatti piroofeesara wallaansa baqaqsanii hodhuu qaama wal-hormaataafi ujummoo fincaaniidha. Akka isaan jedhaniitti kiniiniiwwan kunneen ‘miira saal-qunnamtii kakaasuuf,’’ miti kan tolfaman, rakkoo namoota umrii ga’essummaarra darban miidhu wal’aanuuf kan tolfamanidha. Gama biraan ogeettiin dhimma saal-quunnamtii Baha Gidduugalaa Sheriin El Fakii, dargaggoonni biyyoota Arabaa kiniiniiwwan kunneen kan fayyadaman waan aadaa tahaa dhufeefi jetti. Qorannoo wal-qixxummaa koorniyaa Mootummoota Gamtoomaniin bara 2017’n taasifame irratti yaada kenniteen, "dhiiroti qorannoo irratti hirmaatan hundi sadarkaa jedhamuun egeree isaaniifi waa’ee maatii isaanii deeggaruu irratti ni yaadda’u. Dhiiroti baay'ee dhiira tahuun ba’aa guddaa qaba yoo jedhan, dubartoonni immoo, "dhiiroti ammaa akka dhiiraa mitii," jedhu jette.
Dhiiroti baay'ee dhiira tahuun ba’aa guddaa qaba yoo jedhan, dubartoonni immoo, "dhiiroti ammaa akka dhiiraa mitii," jedhu jette. "Hiikni dhiirummaa geeddaramaa dhufuufi dandeettiin saal-quunnamtii immoo dhimma aadaa dhiirummaa ibsu keessa waan jiruuf, saal-quunnamtii raawwachuu irrattis dhiibbaa gochaa jira," jetti. Kana malees Adde El Fakiin waa’ee dandeetti saal-qunnamtii dhipachuun yaada dogoggoraa filmiii saal-quunnamtii pornoogiraafii ilaaluun uumamudha. "Kunimmoo dargaggoonni saal-quunnamtiin inni ‘sirriin’ maali kan jedhurratti yaada isaanii jijjiireera,'' jetti. Kiniinii fedhii saal-quunnatiif fayyadamuun biyyoota Arabaatti akka taatee ammayyaatti haa ilaalamuyyuu malee, nyaata ykn dhugaatii fedhii saal-quunnamtiif kakaasu fayyadamuun garuu seenaa biyyoota Arabaa keessatti durumaa qabee waan ture dha. Hayyuufi barreessaan Islaamaa jaarraa 14ffaa Ibiin Qayiim al-Jaawziyyaa, kitaaba isaa keessatti, biqiloota fedhii saal-quunnamtii dabaluuf gargaaran tarreesseera. Sheriin El Fakiin aadaa Arabaa keessatti "dubartoonni fedhii fi dandeetti saal qunnamtii jabaa akka qabaniifi dhiironni garuu fedhii dubartootaan qixxachuuf fooyyeessuu akka qabanitti ilaalama" jetti. Yaadni kuni yeroo bulchiinsa Impaayara Otoomaanii barreessaa Ahimad bin Suleemaaniin barreefame. Kitaabichi insaayikiloopidiyaa (kuusaa) qorichaa fi biqiloota dhukkuba saal-quunnamtii fayyisuufi fedhii dhiiraafi dubartii foyyeesuuf gargaaran qabateera. Waggoota dhibba meeqaan booda, dargaggoonni biyyoota Arabaa biqilootaafi dhugaatii dandeettii saal-quunnatii foyyeesuuf gargaaranitti deebi’aa jiru.
Yookoo Doktor: Bilbilaan wal'aansa fayyaa argatanii dhukkubarraa fayyuun ni danda'amaa? Tajaajilli karaa bilbilaan ogeessa fayyaa waliin haasa'uun yaala argachuu 'Tele medicine' jedhamu, biyyoota guddatanitti yeroo dheeraaf dhimma itti bahamaa jiraatus Itoophiyaatti hedduu hin baratamne. Tajaajila yaala fayyaa karaa bilbilaatiin kennamu kana hojiirra oolchuuf dhaabbanni 'Yookoo Doktor' jedhamu yeroo ammaa Afaan Oromootiin Tajaajila kennaa jira. Hundeessaa fi daayirektarri 'Yookoo Doktor' Obbo Abdii Dingataa, dhimma yaala fayyaa karaa bilbilaatiin kennamuu kanarratti BBC waliin turtii taasisaniiru. BBC- Yookoo Doktor akkamitti hundaa'e? Abdii- Dhaabbata yookoo Doktor kana osoo hin hundeessin dura karaa TV tiin waa'ee fayyaa hawaasa barsiisaa turre. Ergasii yaada' Tele medicine' jedhamu kanaan akkamitti uummata quunnamnee barsiisna kan jedhu yaanneeti kan Yookoo Doktor Hundeessine. Yookoo Doktor tibba koronaavaayirasiin dhufe sanadha kan hundeessine. Sababnisaas tibba sana namni mana yaalaa dhaquu hedduu sodaatee ture. Sodaa guddaan namootni sababa koronaavaayirasiitiin mana yaalaa hafanii miidhaa biraaf saaxilamuu waan danda'aniif akkamitti dhukkubsattoonni bilbilaan ogeessota fayyyaa argatanii yaala fayyaa argachuu danda'u jenneeti kan eegalle. BBC- Namni tokko gara keessanitti bilbilee akkamitti Bilbilaan yaalamuu danda'a? Abdii- Barannoon amma duraa namni yoo dhukkubsate mana yaalaa dhaqee ilaalameeti kan yaalamu. Amma garuu karaa bilbilaatin 7024 irratti gaafa bilbilan doktoroota sarara irratti isaan eegantu jira. Si'a tokkoon ogeessota fayyaa 8 sarara irra jiraatu. Namoonni yeroo bilbilan kallattiidhaan Doktoroota argatanii waa'ee dhibee isaanii itti himatu. Doktoroonnis waan maamilli isaanitti himuun dabalatatti gaaffilee gaafatanii ni qulqulleefatu. Saniin jalqaba dhibee isaanii adda baasna.
Yoo manatti yaalamu danda'a ta'e akka manatti yaalamu goona. Yoo mana yaalaa dhaquu qaba ta'emmoo dhibee kana eessatti yaalamuu danda'a kan jedhu itti himna. Namoonni tokko tokko 'bilbilaan maal nuu godhu?' jedhanii yaadu. Garuu odeeffannoo xiqqoon fayyaa namaarratti gatii guddaa qabdi. Fakkeenyaaf namni tokko qoricha bitatee galee yeroo mana gahu akkamitti akka fudhatu dagachuu mala. Yeroo kana nutti bilbilee gaafachuu danda'a, kunumtuu salphaa miti. BBC- Erga tajaajila yaala fayyaa bilbilaanii kana eegaltanii ji'oota sagal ta'eera. Uummanni hangam isin fudhatee jira? Abdii- 'Tele medicine' kuni uummata keenya keessatti sirritti hin baratamne. Barsiifata uummanni keenya qabuun namni dhukkubsate mana yaalaa deemee raajii yoo hin kaane, yoo lilmoo hin waraannanne waan yaalame itti hin fakkaatu. Dhukkuboonni irra hedduun garuu gorsa ogeessaatiin, waan mana keessatti gochuu qabuun yaalamuu kan danda'aniidha. Sababa hubannootiin jalqaba duubatti harkifannaatu ture. Amma garuu uummata barsiisaa dhufnee maamilli keenya dabalaa jira. Erga jalqabnee asitti namoota kuma shan caalaan karaa bilbilaatiin yaalleerra, gorsa fayyaatis kennineerra. Namoota gorsa dabalataa qaaman barbaadanis gara waajjiraatti waamnee tajaajila kennaafii jirra. BBC- Yookoo Doktor tajaajila yaala fayyaa karaa bilbilaatiin kennu kanaaf ogeessota fayyaa meeqa qaba? Ogummaa akkamii kanneen qabanidha? Abdii- Nuti jalqaba kan eegalle ogeessota yaala waliigalaatiini. Garuu fedhii maamiloota keenyaa yoo ilaallu irra caalaan isaanii ogeessota dhimma tokkorratti Ispeeshaalaayiz godhan barbaadu. Ammaaf ogessota waliigalaa (General Practitioner) jaha qabna. Ispeeshaalistoota lamaa fi barataa ispeeshaalitii tokko qabna. Fedhiin maamiloota keenyaa dabalaa yeroo deemu ogeessota fayyaa Ispeeshaalistii ta'an dabaluun nuuf baay'ee salphaadha.
Tajaajila bilbilaa baay'ee ammayyaa'aa ta'e qabna. Doktoroonni bakka jiran taa'anii server keenya seenanii maamiloota keenya wal'aanu. Kana malees maamilli tokko bilbilee fakkeenyaaf ispeeshaalistii Onnee yoo barbaade gara doktora sanaatti akka darbu goona. BBC- Fayyaa Hawaasa eeguurratti Yookoo Doktor gumaacha hammamii qaba jettu? Abdii- Ummanni keenya osoo mana isaatii hin bahin doktoroota waliin waa'ee fayyaa isaa akka haasa'u haala mijeessineerra. Dhaabbanni fayyaa addunyaa doktorri tokko nama kuma tokkoof jedha. Biyya keenyatti garuu doktorri tokko nama kuma kudha afuriifi. Kanaaf uummanni keenya doktora argachuunuu rakkoo yeroon ta'u jira. Rakkoo kana uummata keenyarraa furuuf jecha nuti hakiimota amma qabnu toorarra sa'aatii 24 waan jiraniif uummanni manumasaa taa'ee marii akka godhu, waa'ee fayyaasaa akka gaafatu, yeroo fi qabeenyasaa osoo hin qisaasessine manumatti Ispeeshaaliistii barbaadun yaalla. BBC- Namni gara keessan bilbilee yaala fayyaa argate kaffaltii akkamitti raawwata? Abdii- Maamilli keenya kaffaltii kan raawwatu karaa Itiyoo telekoomitiini. Namni tokko gaafa bilbilee Doktora waliin haasa'u daqiiqatti birrii 4 Itiyoo telekoomtu bilbila irraa kuta. Namni tokko daqiiqaa 10 keessatti waa'ee dhibeessaa haasa'ee mari'atee yaalamee xumuruu ni danda'a. Kanaaf birrii 40 hanga 100 hin caalleen yaala argachuu danda'a jechuudha. BBC- Gara Fuuladuraatti galmi keessan maali? Abdii- Galmi keenya tajaajila yaala fayyaa bilbilaa (Tele medicine) guddisuudha. Biyyoota guddatanitti namni mana yaalaa dhaquun dura vidiyo konfaransiidhaan hakiimasaa dubbisa. Achumarra taa'anii qorannoo tokko tokko godhu. Nutis biyya keenyatti tajaajila kana gara vidiyoo konfaransiidhaan kennuutti ceesisuuf yaanna.
Nutis biyya keenyatti tajaajila kana gara vidiyoo konfaransiidhaan kennuutti ceesisuuf yaanna. Galmi keenya uummanni keenya bakkuma jiru taa'ee manumasaaniitti kara bilbilaa fi vidiyoo konfaransiidhaan yaala barbaachisaa akka argatanidha. Amma tajaajilli keenya bilbilaan qofa waan ta'eef sagalee malee bifa nama sanaa hin beeknu gaafa vidiyoo konfaransiitti ceene kallattiidhaan maamila keenya waliin walargaa yaaluuf haalduree xumuraa jirra. Uummanni keenya teekinoolojii nuti qopheessine kanatti fayadamanii doktora isaanii dubbisu akka danda'an, gaaffii waa'ee qorichaa, fayyaa isaanii, bakka itti yaalamuu qabanii fi gaaffii kamuu bilbilanii nugaafachuu akka qabanin dhaama. Bakkuma jirtanitti fayyaa ta'aa.
'Mariin Naayiroobii deeggarsa namoomaa atattamaan dhiyeessuu, tajaajiloota bu'uuraa deebisuurrattis xiyyeeffata'-US Mootummaan Yunaayitiid Isteetis waliigaltee waraana dhaabuu humnoota TPLF fi Mootummaa Federaalaa gidduutti torban darbe Afrikaa Kibbaa magaalaa Piritooriyaatti mallatteeffame hojiitti akka hiikamu akka tumsu ibse. Dubbii himaan Ministeera Haajaa Alaa US Need Piraayis ibsa miidiyaaleef kennaniin Raayyaan Ittisa Biyyaa Itoophiyaafi Humni Ittisaa Tigraay guyyoota shan keessatti raawwii waliigaltichaarratti walta'u jedhan. Ibsi mootummaa US alanaa kan dhagaahame akkuma waliigalticharratti lafa kaahame, hooggantootni waraanaa qaamolee lamaanii TPLF'n waraana hiikkachiisuu dabalatee dhimmoota biroo irrattis Keeniyaa magaalaa Naayiroobiitti wayita marii gochaa jiranittidha. ''Ajandaan marii Naayiroobii Tigraayiif deeggarsa namoomaa atattamaan dhiyeessuu, Tigraay dabalatee naannolee ollaa Affaariifi Amaaraa keessattis tajaajiloota bu'uraa adda citan deebisuu akka of keessaa qabu ni hubanna'' jedhan. Dhimmi ijoon sagalee waraanaa hambisuu akka ta'es kaasan. Mariin Naayiroobii kuni gaggeessuummaa jaarsa araaraa Gamtaa Afrikaa Oliseeguun Obaasanjoo, pireezidantii duraanii Keeniyaa Uhuuruu Keniyaataafi baka buutota Afrikaa Kibbaan durfamaa akka jiru himan. Dura taa'aan IGAD Warqinaa Gabayyoofi Gaanfa Afrikaatti ergamaan addaa US Maayik Hamar taajjabdummaan qooda fudhachaa akka jiranis himan. ''Bakka bu'aan keenya raawwii waliigaltee kanaa deeggaruuf naannichuma turu,'' jedhan. Dhimmoota rakkisoo ta'an furuudhaafis sararri qunnamti hooggantoota olaanoo qaamolee lameeniin hundaa'e jiraachuus dubbatan. Waraanni waliinii Kaaba Itoophiyaa waggaa lamaaf gaggeefamaa ture namoota miiliyoonaan lakkaawwaman qe'eerraa buqqisee, kumoota dhibban kan lakkaawwaman galaafatee fi qabeenya biyyaa hedduu mancaase xumura argachuuf abdiin kan horatame waliigaltee torban darbe raawwatameeni.
Waraanni waliinii Kaaba Itoophiyaa waggaa lamaaf gaggeefamaa ture namoota miiliyoonaan lakkaawwaman qe'eerraa buqqisee, kumoota dhibban kan lakkaawwaman galaafatee fi qabeenya biyyaa hedduu mancaase xumura argachuuf abdiin kan horatame waliigaltee torban darbe raawwatameeni. Hoogganoonni olaannoon TPLF fi Mootummaa Itoophiyaa marii jabaa guyyoota 10'f gaggeesaniin sagalee waraanaa callisiisuudhaan biyya gara nagaatti deebisuuf yeroof walta'an qabxiilee ijoo hedduurratti waliigalteerra gahuuni. Waliigaltee waraana dhaabuu Piritooriyaatti mallatteefame hojiirra akka oolu mootummaan isaanii murannoo qabaachuu Ministirri Muummee Abiy Ahimad guyoota dura ibsaniiru. Humnoonni TPLF's akkasuma murannoo qabaachuu ibsuun qaamolee waliigaltichi akka hin raawwanne gufachiisuu malu jedhan hawaasni idila addunyaa akka hordofu waamicha godhanii turan.
UN fi EUn waraanni Ertiraa Itoophiyaa keessaa akka ba'uuf gaafatan Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii(UN) fi Gamtaan Awurooppaa (EU)n Raayyaan Ittisa Biyyaa Itoophiyaa Raayyaa Ertiraa waliin ta'uudhaan haleellaa waloo Tigraay keessatti raawwachaa jiran akka dhaabaniif gaafatan. Barreessaan Olaanaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii (UN) Antooniyoo Guteerez, “waraanni Kaaba Itoophiyaa naannoo Tigraay keessatti gaggeeffamaa jiru ammuma dhaabbachuu qaba,” jedhan. Guteereez Mana Maree Nageenyaa Dhaabbata Mootummootaa Gamtoomanii (UNSEC) irratti ibsa miidiyaaf kennan irratti haalli Ioophiyaa keessa jiru to’annootiin ala ta’uu kan himan Guteerez, lolliifi mancaatiin sadarkaa yaaddessaarra gaheera jedhan. Gamtaan Awurooppaa Tigraay keessatti kallattii gara garaan babal'achuu isaa hordofee kora Onkoloolessa 17, 2022 gaggeeffateen booda ture loltoonni Ertiraa guutummaan guutuutti daangaa Itoophiyaa keessaa akka ba'aniif ibsa baaseen kan gaafate. Kana malees, humnoonni Tigraay waraana naannollee hollaa Amaaraafi Affaar keessatti gaggeessan akka dhaabaniiffi duula waraanaa irraa akka of qusataniifis gaafateera EUn. Barreessaan Olaanaa UN ammoo hariiroon hawaasa walitti hidhan cicciramaniiru jechuun, "aattamaan humnoota Ertiraa Itoophiyaa keessaa baasuu dabalatee waraanni ammuma dhaabbachuu qaba. Furmaan humna waraanaan dhufu hin jiru,” jedhan. Namoonni nagaa gatii hamaa baasaa jiru kan jedhan Guteerez, haleellaan bakkawwan manneen jireenyaatti osoo adda hin baasiin gaggeeffaman guyyaa guyyaannamoota nagaa ajjeesaafi bu’uuraaleen misoomaa barbadeessaa jiru jechuun osoo hin turiin waraanni Kaaba Itoophiyaa kun akka fala argatu jabeessanii himan. Guteereez waa’ee Itoophiyaa ilaalchisuun miidiyaaf ibsa kennan kanaan yakkawwan miidhaa saal-qunnamtiin walqabataniifi gochawwan gara jabeenyaa daa’immaniifi dubartoota irratti raawwatamuu eeraniiru.
Sababa waraana Kaaba Itoophiyaatti gaggeeffamaa jiru kanaan sadarkaa fedhii gargaarsa namoomaa akkaan dabaluu himuun, osoo waraanni kun deebiyee hin jalqabiin durayyu namoonni miliyoona 13 naannolee Amaahraa, Affaariifi Tigraay keessatti gargaarsa namoomaa barbaadu ture jedhan Antooniyoo Guteerez. “UN gidiraa uummata Itoophiyaa kana dhaabuudhaaf Gamtaa Afrikaa (AU) tumsuudhaaf qophiidha. Amma hawaasni idil- addunyaa nagaaf jedhee waliin hiriiruus qaba,” jedhan Guteerez. Mootummaan Itoophiyaa ibsa Onkoloolessa 17, 2022 baaseen, haleellaa bal’aa Addi Bilisa Baasaa Uummata Tigraay (TPLF) gaggeessu humnoota diinaa alaa irra deddeebiin daangaa qilleensa Itoophiyaa cabsaniin kan deeggramudha jchuun, tarkaanfiin Kaaba biyyattiitti fudhatamaa jiru walabummaafi tokkummaa daangaa biyyaa mirkaneessuuf jedheera. Kanaaf, mootummaan Itoophiyaa buufataalee xiyyaaraafi dhaabbilee federaalaa naannoo Tigraay keessaa jiran atattamaan to’achuun barbaachisaa ta’uus ibseera. Mootummaan Federaalaa kana kan jedhe humnoonni Tigraay waamichi Gamtaa Afrikaa akka hojiirra ooluuf wayita gaafatanittii i haleelleeaawwan qilleensarraa Tigraay keessatti gaggeeffaman baayyachuu isaa yeroo itti ibsanittidha. Komishinar Muusaa Faakii Mahaamaatdabalee biyyoonniifi dhaabbileen idil-addunyaa waraanni Tigraay atattamaan dhaabbatee qaamooleen wal waraanan gara marii nagaatti akka deebii'aniif waamicha taasisuun isaanii ni yaadatama. Mootummaan Federaalaa ibsa baase kanaan, waraana kaaba biyyattii mariidhaan furuudhaaf ammallee qophiidha jedheera. Ibsi mootummaa kun waamicha marii nagaa Gamtaa Afrikaa jalatti taasifamuuf qophiidha jechuun, mootummaan “mariin nageenya waaraa fiduu danda’u gaggeeffamuu qabas,” jedhee akka amanu himeera. Mariin nagaa torban lama dura hoggansa Gamtaan Afrikaatiin, Afrikaa Kibbaatti gaggeessuuf turerratti mootummaan Itoophiyaafi humnoonni Tigraay akka hirmaataniif waamicha dhiyaatee irratti, qaamoleen lamaanuu hirmaachuudhaaf fedha akka qabanis ibsanii ture.
Mariin nagaa torban lama dura hoggansa Gamtaan Afrikaatiin, Afrikaa Kibbaatti gaggeessuuf turerratti mootummaan Itoophiyaafi humnoonni Tigraay akka hirmaataniif waamicha dhiyaatee irratti, qaamoleen lamaanuu hirmaachuudhaaf fedha akka qabanis ibsanii ture. Haata’u malee, rakkoo ‘loojistikiitiin’ jechuun alatti sababa ifatti hin ibsameen guyyaan mariin itti gaggeeffama jedhame yeroo biraatti akka darbe himam.
Ertiraatti hordoftoonni amantii Kaatolikii kadhannaarra turan jumlaan hidhaman Humnoonni nageenyaa Ertiraa Dilbata kaleessaa (Fulbaana 4, 2022) ganama keessa bataskaana Akruur Madaanaalam jedhamu, kan Kibba magaalaa Asmaaraatti kiilomeetira 80 fagaattee argamtu keessa seenuun, dargaggoota kadhannaarra turan ukkaamsanii jumlaan hidhuu maddeen BBCtti himan. Waraanni mootummaa Ertiraa daaqonii fi faarfattoota bataskaanattii keessatti argan hunda ukkaamsanii fuudhanii deemuutu ibsame. Humnoonni waraanaa Ertiraa Kibba biyyattii keessa naanna'uun ''maqaa humna waraanaa gananiiru jedhuun yookiin ammoo daragaggoonni umriinsaanii adda waraanaa deemuuf ga'eera jechuun,'' namoota adamsuun ukkaamsanii fudhachuu kan eegalan ji'a tokko dura ture. Humnoonni waraanaa Ertiraa dargaggoota raayyaa waraanaa biyyattii ganan jedhaman akka adamsanii qabaniif bobbaafaman, abbootii ijoolleensaanii hin argamin jiran manasaaniitii akka gadhiisanii ba'an, mana namootaa furtuu harkaa qabaniin cufuun namoota dhiphisaa turan jedhu maddeen. Ertiraan wayita waraana waliinii Itoophiyaa keessatti qooda fudhatteetti jedhamtu kanatti, yeroo dhihoo as kutaalee biyyattii garaagaraa keessatti haala kanaan dura mul'atee hin beekneen dargaggoonni ukkaamfanii hidhamaa akka jiranii fi maatiinis dararamaa akka jiran maddeen BBC'n dubbise ibsaniiru. Dhalataan naannawa kanaa maqaansaa Fitsum jedhamu waraanni mootummaa, maatiin dargaggoota humna waraanaa ganan jedhamanii manaa akka hin baane, horiin isaanii gara dheedumsaatti akka hin baane gochuun ''mooraa keessatti beelaan akka dhuman,'' gochaa jiru jedhe. Namni beelaan dararamuun humnaa ol kan isaanitti ta'e dargaggootni fi miseensonni tajaajila biyyaalessaa fedhiisaanitiin mootummaatti harka kennataa jiraachuus maddeen ibsaniiru. Kanneen yeroo ammaa humnoota waraanaa Ertiraan barbaadamaa jiran hedduun isaanii namoota waggoota 10 oliif raayyaa ittisa biyyaa keessa tajaajilanii, booda rakkoosaaniif furmaata waan dhabaniif maatiisaanii gargaaruuf kanneen miseensummaa humna waraanaa keessaa ba'aniidha.
Kanneen yeroo ammaa humnoota waraanaa Ertiraan barbaadamaa jiran hedduun isaanii namoota waggoota 10 oliif raayyaa ittisa biyyaa keessa tajaajilanii, booda rakkoosaaniif furmaata waan dhabaniif maatiisaanii gargaaruuf kanneen miseensummaa humna waraanaa keessaa ba'aniidha. ''Dargaggoonni hanga yoomiitti tajaajila waraanaa bu'aa hin qabnee fi dirqamaan namarratti fe'amu keessatti kan adabaman? kan hidhaman?'' jechuun gaafata Fitsum. Dabalataan kanneen waggootaaf tajaajilanii of ijaaruu fi jireenyasaanii bulchuu dadhaban, carraa kan dhaban, ijoollee fi maatiisaanii gargaaruuf jecha kanneen tajaajila waraanaa daangaa hin qabnee fi dirqama ta'e keessaa ba'uun gara biyyoota ollaa iddoo lammiileen Eertiraa jiranitti baqatan waraana keessatti hirmaachuuf fedhii akka hin qabne ibsan. Waraana kaaba Itoophiyaatti deebi'ee ka'ee gaggeeffamaa jiru keessatti loltoonni Eertiraa hirmaataa jiru jedhamuun himatamu, garuu hanga yoonaa mootummaan Ertiraa dhimma kanarratti homaa hin jenne. Akka Amnastii Intarnaashinaal fi Hiyuuman Raayitis Waach jedhanitti dirqamni waraanaa daangaa hin qabne kan mootummaan Eertiraa humnaan lammiileerratti fe'u, dargaggoota hidhaa fi baqaaf saaxileera jechuun deddeebi'anii komatu. Mootummaan Ertiraa gamasaan qeeqi biyyoota lixaa fi jaarmiyaalee mirga namoomaan irratti dhiyaatu dhara jechuun deebisa, biyyattii maqaa balleesuuf akka ta'etti wayita dubbatu dhagahama.
Itoophiyaatti waraanni Tigraay gidiraa Oromiyaa keessatti deemaa jiru dhokseera-HRW Jaarmiyaan idil-addunyaa mirga namoomaaf dhaabbatu Humaan Raayitis Waach (HRW) gabaasa ‘Walitti bu’insa Itoophiyaa Biroo’ jedhuun Adoolessa 4, 2022 baaseen, Itoophiyaatti waraanni Tigraay gidiraa naannoo Oromiyaa keessatti deemaa jiru dhokseera jedhe. Akka HRW jedhutti, Sadaasa 2020 osoo qalbiin addunyaa gara waraana Kaaba Itoophiyaa, Tigraay keessatti jalqabeetti hin deebi'iin duraa kaasee Oromiyaa keessatti gaafatama tokko malee mirgoota namoomaa sarbuun ballinaan deemaa tureera; ammas gaggeeffamaa jira. “Kanaaf, wanti Oromiyaa keessatti deemaa jiru kun xiyyeeffannaa addunyaa atattamaa barbaada,” jedhe HRW. Kan waggaan lamaffaasaa torban darbe yaadatame ajjeechaa Artist Haacaaluu Hundeessaa hordofee hokkaraafi jeequmsa dhalatee tureen Oromiyaa keessatti yoo xiqqaate namoonni 178 ajjeefamuu kan yaadate HRW, taateen kunneen biyyattii keessatti kabajni mirgoota namoomaa duubatte deebi'uu yeroo itti jalqabedha jedha. Yeroo Artist Haacaaluu ajjeefame sanatti, namoonni gaddaafi mormii ibsachuufi daandiiwwan Oromiyaafi magaalaa Finfinneetti akka bahan himuun, humnoonni nageenyaa warra gaddaaf bahan irratti tarkaanfii humnaa fudhachuun namoota baayyee ajjeesanii kaan madeessanii turan jedheera. Eessumni Artist Haacaaluu Hundeessaa namoota gaddaaf bahanii humnoota nageenyaatiin ajjeefaman keessaa tokko ture kan jedhe gabaasichi, haleellaan sabaafi amantaa irratti xiyyeeffates akka ture ibseera. Akka gabaasa HRW kanaatti, sarbamni mirgoota namoomaa Oromiyaa keessatti akka baballatuuf sababiin biroon duula mootummaan hidhattoota Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO) dhabamsiisuu jedhuun gaggeessuun walqabatee kan dhalate akka ta’edha. Bitootessa darbe keessa mootummaan Itoophiyaa Naannoo Tigraayitti ''lubbuu lammiilee baraaruufi dararama hambisuuf'' lola dhaabuuf murteessuusaa ibsuu hordofee, finciltoonni Tigraayis murtee walfakkaataan dhukaasa dhaabuu labsaniiru.
Mootummaan Itoophiyaa waraana humnoota TPLF waliin qabu kanaa nagaa furuuf akka fedhu ibsuurra darbee koree dhimma kana abbummaan gaggeessullee ramdaeera. Haata’u malee, waraana hidhattoota Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO) kan motummaan itoophiyaa ‘Shane’ jechuun shororkeessaa jechuun galmeesse waliin garuu karaa martiitiin nagaa buusuuf wanti jedhe hin jiru. Garee WBO garuu mariin araaraa bilisaa fi kan qaama walabaafi ulaagaa idil-addunyaa guutu jiraannaan hirmaachuuf qophii akka ta’e ibseera. Akkuma TPLF waliin marii gaggeessuuf murteessetti, WBO waliinis fala karaa nagaa barbaaduu akka qabu namoonni siyaasaafi paartileen siyaasaa irra deeddeebiin gaafachaa jiru. Mootummaanis hidhatoota kanneen balleessuuf yeroo garaa garaatti oppireeshinii gaggeesseen hedduu ajjeeesuu ibsuun, guyyoota muraasa dura ammoo godinaaleen lixa Oromiyaa hidhattoota kana jala turan humnoota nageenyaa mootummaa jalatti deebiyuu ibseera. Haata’u malee, ammas Waxabajji 4, 2022 Lixa Oromiyaa Godina Qeellam Wallaggaatti hidhattoonni kunneen lammiilee nagaa irratti ajjeechaa raawwachuu MM Abiy Ahimad himuun, garee shororkeessaa jedhan kana uummata isaanii waliin hamma dhumaatti hordofanii akka dhabamsiisan dubbataniiru. Torban lama duras haleellaa Godina Wallagga Lixaa Aanaa Gimbii ganda Toleetti raawwatamuun namoonni 338 ittiin ajjeefamuu mootummaan Itoophiyaa himeefis gareedhuma hidhattootaa kanneen itti gaafatamaa taasise. Jiraattonniifi mootummaan haleellaa kana Waraana Bilisummaa Oromootu raawwate jechuun himatu. Waraanni Bilisummaa Oromoo gama isaatiin haleellaa kana humnoota mootummaa 'Gaachana Sirnaa' jedhamantu raawwate jechuun, qorannoon walabaa akka godhamu gaafatee ture. Wal waraansa hidhattoota kanneeniifi humnoota mootummaa gidduutti gaggeeffamu irraa kan ka’een lammileen nagaa gidduutti hedduu rakkataniiru jedha jaarmiyaan mirgoota namoomaaf falmu HRW.
Waggoota sdaran darban keessa jiraattonni Oromiyaa godinaalee hidhattoonni WBO keessa socho’an keessatti rasaasa lamaan ajjeefamaa akka jiraniifi yaaddoo nageenyaa irra bubbuleef bahanii galuufi hojii guyyuu isaanii hojjetachuullee akka hin dandeenye yeroo gara garaatti BBCtti himaa turan. Ajjeechaa namoota nagaafi mancaatii qabeenyaa Oromiyaa keessatti qaqqabuuf mootummaaniifi hidhattoonni quba walitti qabu. HRW gabaasa isaa kana keessatti jalqaba bara 2019 mootummaan Komaandi Postii Federaalaa kan humnooya federaalaafi naannoo qindeessu lixa Oromiyaatti akka hundeesse ibsuun, jalqaba 2020 keessa interneetiin ji’oota sadiif cufamuu dabalatee aanga’oonni mootummaa yeroo gara garaatti maloota komunikeeshinii lixa Oromiyaa irraa kutaa turan jedheera. Kun ammoo dhaabbileen gargaarsaa, miidiyaaleeniifi gareewwan mirgoota namoomaaf falman akka naannoo sanatti waan deemaa jiru hin arganne taasiseera jedha jaarmiyaan kun. Dhorkaawwan naannicharra jira akkuma jirutti ta'ee, gareewwan mirgoota namoomaafi miidiyaaleen ajjeechaa humnoonni nageenyaa mootummaa murtoo seeraa tokko malee raawwatanii, fi hidhattoonni miseensa hawaasaa lakkoofsi isaanii naannicha keessatti muraasa ta'an, akkasumas aanga'oota mootummaa butuufi ajjeesuu gabaasuu danda'aniiru jedha HRW. Akka gabaasa jaarmiyaa idil-addunyaa kanaatti, humnoonni nageenyaa humna hidhate deeggartu ykn waliin hidhata qabdu jechuun dargaggoota irratti xiyyeefatu. Kanaaf ammoo, Ajjeechaa dargaggoo umurii waggaa 17, Amaanu'eel Wandimmuu, magaalaa Dambi-Dolloo keessatti addababaayirratti viidiyoon waraabaa humnoonni mootummaa raawwatan akka fakkeenyaatti kaasuun ibsa HRW. "Itti-gaafatamni tokko osoo hin jiraatiin humnoonni nageenyaa mirgoota namoomaa sarbuun ammoo daran akka isaan ittuu gocha mirgooota namoomaa sarban cimse malee, miidhaan dabalataa akka hin uumamne gochuu hin dandeenye," jedheera HRW.
"Itti-gaafatamni tokko osoo hin jiraatiin humnoonni nageenyaa mirgoota namoomaa sarbuun ammoo daran akka isaan ittuu gocha mirgooota namoomaa sarban cimse malee, miidhaan dabalataa akka hin uumamne gochuu hin dandeenye," jedheera HRW. Gabaasa isaa kana keessatti Human Raayits Waach ajjeechaa hidhattootaan Waxabajji 18, 2022 Lixa Wallaggaa aangaa Gimbiitti hidhattooonni gaggessan jedhames kaaseera. Haleellaa kanaan daa'immaniifi dubartoota dabalatee namoonni baayyeen ajjeefamanii yoo xiqqaate 4,800 kan ta'an baqataniiru jedheera. Namoonni ijaan argine jedhaniifi mootummaan ajjeechaa kana kan raawwate WBO yoo jedhan, gareen hidhate kun garuu waakkachuun qorannoon walabaa akka gaggeeffamuuf gaafateera. Taatee kana dhugaa lafarra jiru yeroo isaatti gabaasuudhaaf kominikeeshiniin addaan cituu danqaa ta'uu kan ibse UN ammoo, haleellaan kun waraana humnoonni mootummaa fi hidhattoonni bakka sanatti taasisan hordofee kan raawwatamedha jedhe. Dhaabbanni The Oromo Legacy, Leadership and Advocacy Association (OLLAA) jedhamu ammoo, sarbama mirgoota namoomaa Oromiyaa keessatti deemaa jiru UN qorachuuf akka jiru beeksisuu isaa dinqisiifateera. OLLA'n UN sadarkaa sarbama mirgoota namoomaa jiran qoratee baasuuf mootummaa caalaa garee mirgoota namoomaa wallaba ta’an waliin hojjechuun barbaachisaadha jedheera. Kana malees, Komishiin UN kun himannaawwan sarbaba mirgoota namoomaa Oromiyaa keesssatti raawwatan hunda, keessumaa ammoo yakka Oromoota irratti raawwatame kan akka malutti hin gabaafamne jedhus akka qoratuuf gaafateera.
Gaazexessaan OBN ji'a tokkoo oliif hidhame 'mana murti dhihaatee hin beeku' - Maatii Gaazexessaa Oromia Broadcasting Network (OBN) kan ta'e Seefuu Gurmuu erga hidhamee ji'a tokkoo ol lakkoofsisuu maatiin BBCtti himaniiru. Haati warraa isaa Aadde Turungoo Raggaasaa akka jedhanitti, gaazexessaa Seefuu Gurmuu ALI gaafa Muddee 10 bara 2014 mana maatii isaatii qaamolee nageenyaa mootummaatiin qabamee hidhame. "Inni Adaamaa jiraata. Aniifi Ijoolleen keenya ammoo aanaa Boosat magaala Doonii jiraanna. [ALI] gaafa Muddee 10 Bara 2014 daa'ima keenya tokko dhukkubnaan ishee laaluuf Doonii dhufe. Mana seenee nagaayyu nu gaafatee hin raawwanne kan qaamoleen nageenyaa faana olseenanii qaban," jedhan. Poolisoonni lama kanneen uffata siivilii uffatan erga mana seenaniin booda isa akka barbaadaniifi hordofaa akka turan nutti himan jedhan. "Seefuu sibarbaanna jedhanii ergasii mana keenya sakatta'an. Ergamaaf as dhufte jedhaniin. Sakatta'anii homaa hin arganne. Inni waraqaa hojjetaa OBN ta'uusaa mul'isu itti agarsiise. Si hordofaa turre waan ati dhufteef ni beekna jedhanii gara waajjira poolisii geessan," jedhan. Guyyaa tokkoof waajjira poolisii magaala Doonii erga bulchaniin boodas gara magaalaa Walancitiitti dabarsanii akka hidhan himu Aadde Turungoon. Ergasiis bilbilanii waajjira inni hojjetu OBNtti akka beeksisaniis dubbatan. Ji'a tokkoo oliif mana hidhaa kan jiru gaazexeessaan kun, poolisoonni isa qaban qaamolee alaa wajjin hariiroo qabda kan jedhaniin alatti qorannoos ta'e guyyaa tokkollee sababa ittiin hidhamee jiru akka itti hin himamne dubbatan. Hiriyaa isaa yeroo dheeraa ta'uu kan himu gaazexeessaan maqaan isaa akka ibsamu hin feene tokkos, yeroo mana hidhaa Walanciitiitti dhaqee akka gaafatetti namoota alaafi 'Shanee' wajjin hariiroo qabda jechuuniin alatti wanti itti himame biraa akka hin jirre irraa dhagahuu hima.
Hiriyaa isaa yeroo dheeraa ta'uu kan himu gaazexeessaan maqaan isaa akka ibsamu hin feene tokkos, yeroo mana hidhaa Walanciitiitti dhaqee akka gaafatetti namoota alaafi 'Shanee' wajjin hariiroo qabda jechuuniin alatti wanti itti himame biraa akka hin jirre irraa dhagahuu hima. Hidhatoota Shanee ammoo motummaan shororkeessitoota jechuun farajuunsaa ni yaadatama. "Amma erga hidhamee ji'a tokkoo ol ta'eera. Manni hidhaa sun iddoo namni hedduun keessatti hidhamee jirudha. Qabiinsi isaa yaaddessaadha. Namni kun sababa kanaaf hidhame jedhamee namni himu hin jiru. Gaazexeessaan miidiyaa mootummaa hojjetu tokko osoo mana murtiillee hin dhihaatin callisee hidhamee yoo taa'u nama gaddisiisa," jechuunis dubbata. Haati warraa gaazexessaa kanaa Aadde Turungoon qaamni dhimmi isaa ilaalu hidhaa isaarratti furmaata akka kennuuf caasaa mootummaa aanaa Boosatiifi Godina Shawaa Bahaatti marmaaraa turanillee qaama deebii kennuuf akka hin argannes himan. Kana malees battala inni hidhametti dhaabbanni inni keessa hojjetu mindaa isaa waan dhaabeef maatiin rakkoo dinagdee biraaf saaxilamaa jiraachuu himan haati warraasaa. Dhimma hidhaa gaazexeessa Seefuu Gurmuu kanarratti deebii argachuuf bulchaa aanaa Boosat, ajajaa poolisii aanaa Boosaat, bulchaa godina Shawaa Bahaa, ajajaa qajeelcha poolisii Godina Shawaa Bahaatti irra deddeebiin bilbillulleen deebii argachuu hin dandeenye. Kana malees hidhamuu hojjetaa isaanii ilaalchisuun OBN irraa deebii argachuuf yaaliin taasifnes hin milkoofne. Daayireektarri dhaabbatichaa bilbila nuuf hin kaasne. Itti-aanaa Daayirektara Olaanaa OBN Obbo Korree Shaanqullee ammoo dhimma kanarratti odeeffannoo gahaa miidiyaaf ibsu hin qabu jedhan. Akkasumas Waldaan Gaazexessitoota Oromiyaa gamasaatiin hidhaa gazexessaa kanaa dhiheenya akka dhagaheefi qulqulleeffachaa akka jiru dura taa'aan waldichaa Naziif Jamaal BBC'tti himeera.
Marii biyyaalessaaf 'tarkaanfiiwwan wal-amantaa uuman' fudhatamaa hin jiran - WBO Waraanni Bilisummaa Oromoo(ABO-WBO) mariin biyyaalessaa Itoophiyaa keessaatti gaggeefamuuf jedhu haala amma jiruun tarkaanfilee wal-amantaa uumaniin waan hin utubamneef bu'aa barbaadamu fiduu caalatti waraana jiru hammeessa jedhe. Rakkoolee siyaasaa biyyatti mudatan furuuf mariin biyyaalessaa akka gaggeefamu mootummaan murtaahee komishiniin 'walaba ta'ee' fi of danda'e adeemsa hundeeffamuutti jira. Paarlaamaan Itoophiyaa labsii hundeeffama komishinii kanaa dhiyaateef raggaasee komishanaroota eeruu uummataan muuduuf yaada uummataa sassaabaas ture. WBO kan mootummaan ABO-Shanee ittiin jedhuu fi paarlaamaan biyyattii TPLF waliin dhaaba shororkeessoo jedhee labse, ibsa haaraa baaseen haala amma jiruun mariin kun tarkaanfilee wal-amantaa uumaniin waan hin utubamneef bu'aa barbaadamu fiduu caalatti waraana jiru hammeessa jedhera. Oromiyaa keessatti hidhannoon humnoota mootummaa lolaa kan jiru qaamni kun, mootummaan tarkaanfilee humnoota siyaasaa gidduu amantaa uuman fudhachuu qaba ittiin jedhe jaha tarreesseera. Guutuu biyyattii keessatti waliigaltee irratti hundaa'ee dhukaasni dhaabachuu, dhiibbaa Eertiraa iggituu fi humnoota ishee Itoophiyaa keessaa baasuu, hidhamtoota siyaasaa guutuu biyyaa keessa jiran hiikuu, bakka hundatti ulaa gargaarsaa banuu, labsii WBO fi TPLF shororkeessitoota jedhee labse kaasuu kan jedhan keessatti argamu. Ibsa kana keessatti qabxiileen kun WBO marii biyyaalessaa keessatti hirmaachuuf haalduree kaahe ta'uufi dhiisuun isaa hin ibsamne. Mootummaan Itoophiyaa haleellaa dirooniin dabalatee kutaalee Oromiyaa gara garaa keessatti Waraana Bilisummaa Oromoo dhabamsiisuuf hojjetaa jira jedha ibsi kun. Gama tokkoon waraana hammeessaa, gama kaaniin ammoo waa'ee marii biyyaalessaa fi nagaa haasa'aa jira jechuunis mootummaa qeeqa.
Gama tokkoon waraana hammeessaa, gama kaaniin ammoo waa'ee marii biyyaalessaa fi nagaa haasa'aa jira jechuunis mootummaa qeeqa. Mootummaan Itoophiyaa kan mariin biyyaalessaa kun akka milkaahu haala mijeessu malee qaama raawwatu akka hin taane himu, marii kana keessatti humnoonni waraanaan isa lolaa jiran ni hirmaatu moo hin hirmaatan kan jedhu irratti ejjennoon akka mootummaatti qabate maal akka ta'e ifatti hin himamne. Ministirri Muummee Abiy Ahimad marii hawaasa diyaaspooraa waliin masaraa mootummaatti godhanii turan irratti marii biyyaalessaa irratti TPLF waliin mariin godhamuu akka malu dubbachuu isaanii APn gabaasee ture. MM Abiy marii kanarratti yoo dubbatan qaamoleen adda addaa haalduree kaahaa jiraachuu himanii, 'haaldureen jiraannaan mariin hin barbaachisu' jedhanii turan. Haata'u malee dubbi himaan Ministeera Haajaa Alaa ambaasaaddar Diinaa Muuftii ibsa Kamisa darbe miidiyaaleef kennannin mootummaan "dhaabbilee shororkeessitoota waliin ni mari'ata jedhamee wanti ibsame hin jiru" jedhan. WBO fi TPLF ji'oota dura wayita humnoonni TPLF gidduugala biyyaattiitti dhiyaachaa dhufanitti waliin mootummaa MM Abiy kuffisuuf waliigaluu ibsanii turan. Dura taa'aan TPLF Dabratsiyoon Gabramikaa'eel(PhD) guyyoota dura BBC waliin gaaffii fi deebii yoo taasisan mootummaa waliin marii al-kallattii ta'e gaggeessaa akka jiran himaniiru. Haat'au malee gama WBO mootuummaan naannoo Oromiyaa irra deddeebiin hidhattootni karaa nagaa akka harka kennatan waamicha gochuun alatti yaadni marii jiraachuun hin beekamu. WBO ibsa isaa kana keessatti kaayyoon mootummaa Itoophiyaa marii biyyaalessaan qabatee tokkumma akeessoo isaa cimsuufi biyyoota lixaarraa deeggarsa argachuudha jedheera. Mariin biyyaalessaa kun tarkaanfiiwwan amantaa uuman irratti bu'uureffamee yoo hin gaggeefamiin bu'aan isaa ''waraana waliinii hammeessuu malee xumura itti gochuu hin ta'uu'' jedheera.
Waraana Kaaba Itoophiyaa: Manni Maree ministerotaa labsii yeroo muddamaa akka ka'uf murtee dabarse Manni Maree Ministeerotaa Itoophiyaa walgahii ariifachiisaa har'a taa'een labsiin yeroo muddamaa ji'a jahaaf labsamee hojiirra jiru yeroo isaa dursee akka ka'uuf marii gaggeessuun murtee dabarse. Waraana Kaaba Itoophiyaatti jalqabee gara naannoo Amaaraafi Affaaritti babal'atee, yeroo humnootni TPLF magaalota akka Dasseefi Kombolchaa qabachuun hanga Shawaa Roobit gahan mootummaan Itoophiyaa labsii yeroo muddamaa labse. Kunis 'ol-antummaa biyyaa kabachiisuufi eegsisuu' jechuun Itoophiyaan labsii yeroo muddamaa ji'oota jahaaf turu ji'a Sadaasaa gara jalqabaa keessa dabarsitee ture. Labsiin yeroo muddamaa 5/2024 kun ''balaa walabummaafi jiraachuufi jiraachu dhabuu biyyattii irratti aggaamame ittisuuf'' jedhame kan bahedha. Ergasii MM Abiy Ahimed gara adda waraanaatti imaluun waraanicha hogganaa turanii humnootni TPLF naannoo Amaaraa fi Affaar keessaa baafaman. Ibsa waajjirri MM har'a baaseen ''TPLF fi deeggartootni isaa ol aantummaa fi jiraachuu biyyaa irratti balaa waan geesissaniif hojii seera kabachiisuu idileen ittisuun waan hin danda'amneef manni maree Ministerotaa labsii yeroo muddamaa labsee ture,'' jedhe. Labsiin kunis Mana Maree Bakka Bu'oota Uummataan ragga'uun hojiirra jira. Garuu ''haalli labsicha akka baasnuuf dirqiisaa ture amma waan jijjiirameefi sodaa jirus adeemsa seera kabachiisuu idileen to'achuun waan danda'amuuf yeroo labsii yeroo muddamaa ji'a jahaaf labsame gabaabsuun barbaachisaa tahee argame,'' jedha ibsi har'a bahe. Manni Maree ministerotaas labsiin kun yeroon isaa gabaabbachuun akka ka'uuf erga murteessee akka ragga'uuf gara Mana Maree Bakka Bu'oota Uummataa biyyattiitti qajeelcheera. Humnootni TPLF ammas irra deebiin naannoo Affaar keessaa aanolee sadii qabachuu tibbana himamus, mootummaan Itoophiyaa naannoo Tigiraay seenuun waraanicha akka itti hin fufne himee ture.
Humnootni TPLF ammas irra deebiin naannoo Affaar keessaa aanolee sadii qabachuu tibbana himamus, mootummaan Itoophiyaa naannoo Tigiraay seenuun waraanicha akka itti hin fufne himee ture. Ameerikaa dabalatee biyyootni kaanis Gaanfa Afrikaatti nagaan akka bu'uuf waraanni Itoophiyaa keessatti adeemsifamaa jiru dhaabbachuun karaa marii akka furamuuf hojjechaa jiru.
Tigraayitti erga waggaan haaraa seenee haleellaa qilleensarraan yoo xiqqaate namoonni nagaa 108 ajjeefamaniiru-UN Tigraayitti erga waggaan haaraa seenee haleellaa qilleensarraan humna qilleensaa Itoophiyaan gaggeeffame jedhameen yoo xiqqaate namoonni nagaa 108 ajjeefamanii, 75 kan ta'an ammoo madaa'uu Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii (UN) ibse. Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti dubbi himtuun Komishinara Olaanaa Mirgoota Namoomaa Liiz Tiroosel ibsa Jimaata dhimma Itoophiyaa ilaalchisuun Genevaa irraa kennaniin, "gabaasaalee danuufi rifaasisoo ta'an namoonni nagaa ajjeefamuufi qabeenyi namoota nagaa manca'uu agarsiisan bahaaniin yaaddofneerra," jedhan. Akka ibsa dubbi himtuu kanaatti, haleellaan qilleensarraa Roobii gaggeeffame lubbuu maanguddoo umuriin isaa waggaa 72 kan galaafate yoo ta'u gaafa Amajji 11 irra haleellaan haabbata Leenjii Tekinikaafi Ogummaa mootummaa irratti gaggeeffame ammoo namoota sadii galaafatee 21 madeesseera. Wixata gaafa Amajji 10 haleellaa qilleensarraa dirooniin mana baabura midhaan daakutti namoonni walitti qabamanii daanksifataa jiranitti gaggeeffame jedhameenis namoonni nagaa 17 ajjeefamanii 21 kan ta'an madaa'aniiru jedhan dubbi himtuun kun. Gaafa Amajji 7 akkasuma haleellaa qilleensarraa kaampii Daddabiit baqattoonni keessa dahatanii jiran irratti raawwatameen yoo xiqqaate namoonni 56 ajjeefamanii namoonni biroo 30 ta'an mada'aniiru kan jettu Liiz Tiroosel, booarra kanneen madaa'an keessaa sadii hospitaala keessatti lubbuun isaanii darbuun walumaagala namoonni haleellaa kaampiirratti raawwatame kanaan 59 ajjeeffamaniiru jechuun isbsite. Torban darbe keessa haleellaawwan qilleensarraa baay'een gaggeeffamuun isaa akka gabaafame eeruun, konkolotaa miiniibaasii kan dhuunfaa Adi'eetirraa gara magaalaa Aksumitti imalaa ture, buufata xiyyaaraa Shiree, kaampii baqattootaa Maayi-Ayiniifi bakkeewwan biroos rukkutameera jedhan Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti dubbi himtuun Komishinara Olaanaa Mirgoota Namoomaa Liiz Tiroosel.
Torban darbe keessa haleellaawwan qilleensarraa baay'een gaggeeffamuun isaa akka gabaafame eeruun, konkolotaa miiniibaasii kan dhuunfaa Adi'eetirraa gara magaalaa Aksumitti imalaa ture, buufata xiyyaaraa Shiree, kaampii baqattootaa Maayi-Ayiniifi bakkeewwan biroos rukkutameera jedhan Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti dubbi himtuun Komishinara Olaanaa Mirgoota Namoomaa Liiz Tiroosel. Haleellaa qilleensarraa Tigraay keessatti torban lamaan darban keessa raawwataman jedhaman kana ilaalchisuun mootummaan Itoophiyaa wanta jedhe hin qabu. Haleellaawwan qilleensarraa kanaan dura gaggeessaa tureen garuu mootummaan Itoophiyaa buufataawan gareen fincilaa TPLF meeshaa waraanaa itti suphhatuufi kuufatu, akkasumas loltoota itti leenjifaturratti akka xiyyeeffate ibsaa tureera.Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti Komishinarri Olaanaa Mirgoota Namoomaa ibsa baase kanaan, qaamoleen waraana kana keessatti qooa qaban akka seera idil-aunyaatti namoota nagaafi qabeenya isaaniif eegumsa taasisuuf dirqama qabu jechuun, kana gochuu hanqannaan akka yakkawwan waraanaatti gaaffachuusuu ni danda'a jedheera. Tarkaanfii mootummaan aanga'oota paartii mormituu jajjaboo ji'ootaaf hidhaa turan dabalatee namoota bebbeekamoo dhiyeenya gadhiise waan gaarii akka ta'e kan kaase ibsi Komishiniin Olaanaa Mirgoota Namoomaa UN kun, ammas haalli namoota hedduu haala rakkisaa ta'e keessatti hidhamanii osoo mana murtiitti hin dhiyyaatiin jiran yaaddoodha jedheera.
Waraana Kaaba Itoophiyaa: Obasaanjoon Maqaleetti imaluun Duraa Taa'aa TPLF waliin mari'atan Gaanfa Afrikaatti ergamaan addaa Gamtaa Afrikaa Oliseegoon Obasaanjoo waraana Kaaba Itoophiyaa waggaa oliif adeemaa jiruuf xumura soquuf Kibxata Maqalee gahanii deebi'uun gabaafame. Pireezidantiin Naayijeeriyaa duraanii Obasaanjoon waraana Kaaba Itoophiyaatti gama tokkoon humnoota mootummaa federaalaa fi deeggartoota isaanii gama biraan ammoo hidhattoota Tigraay gidduutti waggaa oliif adeemee gaaga'ama guddaa uume karaa nagaa xumura akka argatu yaalii godhan itti fufaniiru. Dubbii himaan TPLF Obbo Getaachaw Raddaa tiwiitara isaanii gubbaatti ergaa maxxansaniin Oluseegoon Obasaanjoo rakkoo naannicha jiru furuuf Kibxata Maqalee akka turan ibsaniiru. ''Obasaanjoon jeeqama Gaanfa Afrikaa jiruuf furmaata karaa nagaa soquuf ergama qabuuf jecha Maqalee ture'' jedhan. Obbo Getaachew Obaasaanjoon, Dura Taa'aa TPLF waliin dhimmicharratti mari'achuu malee odeeffannoo dabalataa kamuu hin kennine. Obasaanjoon Maqaleetti amma dura yeroo dhumaaf kan imalan humnoonni Tigraay gara daangaa Tigraay waraana duraatti deebi'uu isaaniin dura naannolee Amaaraa hedduu wayita to'atanii turanitti ture. Daawwannaa Obasaanjoo alanaa kana irratti mootummaan Itoophiyaas ta'e miidiyaaleen biyya keessaa wanti jedhan hin jiru. Dhimmicha irratti Ministeera Haajaa Alaarraa yaada adabalataa argachuuf yaaliin taasifne hin milkoofne. Gaanfaa Afrikaatti ergamaan addaa US, Jefrii Feltimaan, Kamisa torbee darbee Itoophiyaatti imaluun waa'ee waraana wal-waliinii adeema jiru irratti aanga'oota olaanoo waliin akka mari'atan gabaasamee ture. Ta'us Feeltiman kan imala isaanii kana booda Ambaasaaddar duraanii US kan biyya Tarkiin bakka buufaman eenyu waliin akka wal-arganiifi mariin isaanii maal akka ta'e hin dubbatamne. Kana gidduutti garuu Amajjii 10, yeroo dheera booda Pireezidantiin US Joo Baayidanii fi MM Abiy Ahimad bilbilaan mari'achuun isaanii waraana kana karaa nagaa xumuruuf wanti abdii horu jiraachuu akeekeera.
Obbo Getaachew Raddaa mariin hogganaa Tigraay fi Obaasaanjoo gidduutti godhame gaarii akka ta'e kan amanan ta'uu ibsaniiru. ''Haata'u malee xiyyaarri Obasaanjoo ka'ee daqiiqaa muraasa keessatti'' Maqaleetti haleellaan Diroonii raawwaachuu komatan. Ta'iin kun walirra bu'uufi ta'e jedhamee raawwachuu irraa gaaffii qabaachuus ibsan. ''Namootni kiiloo afurii(masaraa) mootummaa keessa jiran tapha hamaa lubbuu miiliyoonotaatti taphachaa jiruu'' jechuun komataniiru. Daawwannaa ifaa Obasaanjoon yeroo lammaffaaf ji'oota dura Maqaleetti taasisanii turan guyyaadhuma walfakkaataatti haleellaan qilleensaa magaala Maqaleetti raawwatamee ture. Mootummaan Itoophiyaa tibba kana naannolee Tigraay keessatti haleellaawwan qilleensaa cimsee akka itti fufe hojjettootni dhaabbilee gargaarsaa himaa jiru. Torban darbe keessa haleellaa qilleensaa raawwateen namootni nagaan 56 du'uu gabaasaniiru. Wiixata darbes akkasuma haleellaa biraa raawwatameen namoota du'an 17 keessaa garri caalu dubartoota ta'uun himameera. Haleellaa Diroonii naannoo Tigraay keessatti tibba kana cimee gaggeefamaa jiruufi lubbuu namoota nagaa hedduu balleessaa jira jedhamu ilaalchisees mootummaan Itoophiyaa ifatti wanti dubbate hin jiru Hoogganaan Dhaabbata Fayyaa Addunyaa Dr. Teediroos Adihaanoom haleellaa Wiixata darbee hordofee yaada tiwiitara gubbaatti maxxansaniin ''haleellaa Diroonii kan biroo Tigraay irratti raawwate kan namoota hedduu madeessee namoota nagaa hedduu ajjeeseen hedduu yaaddaheera'' jedhan. Itti dabaluunis waamichi barreessaa olaanaan Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii Antooniyoo Guutarees waraanni Itoophiyaa dhaabatee, deeggarsi namoomaa atattamaan akka dhiyaatu gaafatan irra deebi'een dhiyeessa jedhan. Haleellaawwan qilleensaa tibba kanaa kana hammaachaa jiran, mootummaa Itoophiyaa aanga'oota olaanoo TPLF duraanii ji'oota jalqabaa waraannii Tigraay eegaletti qabamanii turan muraasa Jimaata darbe ''dhiifamaan'' hiikuun waliigalteen dhukaasa dhaabuuf wayita abdi horettidha.
Haleellaawwan qilleensaa tibba kanaa kana hammaachaa jiran, mootummaa Itoophiyaa aanga'oota olaanoo TPLF duraanii ji'oota jalqabaa waraannii Tigraay eegaletti qabamanii turan muraasa Jimaata darbe ''dhiifamaan'' hiikuun waliigalteen dhukaasa dhaabuuf wayita abdi horettidha.
Tattaaffiin araaraa Keeniyaan gochaa jirtu “hunda hammataafi kan abdii namatti horudha” - Awwol Aloo (PhD) Waraana waliinii Itoophiyaa waggaa tokkoo oliif gaggeefamaa jiruuf marii siyaasaan furmaata soquuf jaarsummaa Pireezidantii Keeniyaan godhamu abdachiisaadha jedhan ogeessi siyaasa Itoophiyaa xiinxalan Dr. Awwol Aloo. Jimaata darbe namootni siyaasaa gurguddoon hidhamanii turan gadhiifamuu isaanii hordofee ta'iiwwan jiraniifi abdii waraana kana karaa marii siyaasaa furuuf jiru irratti sagantaa BBC Newshour irratti kan dubbatan Dr Awwol, ibsi hooggantootni Kongireesii Federaalistii Oromoo hidhaa bahan baasan ergaa hin eegamneefi bu'a qabeessa dhaamee jedhu. Waraanichaaf karaa nagaa falli soqamuurratti dhaamsi dabarsan, hidhaa hiikamuun isaanii marii biyyoolessaa bu'aa buusuuf tarkaanfii jalqabaa ta'uu amanuufi waraana kanaan mancaatii uumameef gadda isaanii ibsuun ergaa akkaan barbaachisaa turee jedha. ''Namootni baayyeen jarreen kun ejjennoon qaban kan biraa ta'uu danda'a jedhanii yaadaa waan turaniif ibsi isaanii baayyee barbaachiisaadha.'' Ammaan tana waraana waggaa tokkoo oliif gaggeefamaa jiruufi gaaga'ama guddaa Gaanfa Afrikaatti uumeef fala gochuuf yaaliiwwan jaarsummaa gurguddoon lama adeemsifamaa jiru. Tattaaffiin jaarsummaa gama Pireezidantii duraanii Naayijeeriyaa Oliseeguun Obasaanjoo kan amma bakka bu'aa Gamtaa Afrikaa ta'aniin adeemaa jiru isa ijoo yoo ta'u, kan gama pireezidantii biyya ollaa Keeniyaa Uhuruu Keeniyaataan adeemaa jiru isa biraati. Tattaaffiiwwan araaraa gama pireezidanti Uhuuruun godhamu irratti gabaasaleen hedduun yoo bahan hin mul'atu. Obaasaanjoon garuu Kibxata darbes Maqaleetti hooggansa Tigraay waliin mariyachuun isaanii gabaafameera. Dr Awwol tattaaffiiwwan lameen keessaa kan gama Keeniyaan godhamaa jiru ''hunda hammataafii kan abdii horuudha'' jedhu.
''Pireezidantiin Keeniyaa mootummaa Itoophiyaa qofa waliin osoo hin taane mataan isaa Itoophiyaa dhaqee ture, garee warra Oromoo, garee warra Tigraay waliin haasa'aa jira. Gameeyyiin Tigraay Naayiroobiitti argamanii warra Keeniyaatti dubbatu. Ameerikaan tattaaffii Keeniyaa ni deeggarti. Gamtaan Awurooppaas tattaaffii Keeniyaa waan deeggaru fakkaata. Kun abdachiisaa fakkaata.'' Jaarsummaan Keeniyaa kan abdii horu kan fakkaatuuf, ''Keeniyaan biyya ollaa humna siyaasa guddaa qabdu ijaa taateef qofa osoo hin taane yaada araaraaf lafa keesseenisi. Gara marii biyyaalessaa hunda hammataa rakkoolee bu'uuraa Itoophiyaa furuu danda'anitti geessa'' jechuunis ibsan. Mootummaan Itoophiyaa tibba kan namoota siyaasaa hidhaa jiran gariin hiikuun, ergasiis yeroo dheeraaf mootummaa Ameerikaa ''imaammat sirrii hin taaneen mootummaa Itoophiyaarratti dhiibbaa uumaa jira'' jedhee komatu waliin haasaa bu'a qabeessa gochuu eegaluu gabaasuun waraanni kun xumura argachuuf dhiyaachaa jira abdi jedhu horeera. Dr Awwolis hidhaa hiikamuun namoota siyaasaa gara marii biyyaalessaatti seenuuf tarkaanfii gaarii ta'uu himu. Haata'u malee, gama kaaniin ''mootummaan naannoo Kaaba Tigraay fi gariin Oromiyaatti nama nagaa xiyyaaraan haleela jira. Dhiibbaan hawaasa idil-addunyaa yoo itti fufee hunduu mariin rakkoo akka furan gochuu mala'' jedhan. Mootummaan Itoophiyaa haleellaawwan xiyyaaraa tibba kana, keessumaa naannoo Tigraay keessatti lubbuu namoota nagaa gaaga'aa akka jiru hojjettoota gargaarsaafi aanga'oota TPLF'n gabaasamaa jiru irratti yaada hin kennine. Jimaata darbe hundeessitoota TPLF tibba waraanni Tigraay jalqabutti mootummaan to'ate kan akka Obbo Sibihaat Naggaa dabalee namootni siyaasaa gariin hiikamuun nama hunda hin gammachiifne. Naannoo Amaaraafi rogeeyyii dhimma naannichaaf quuqaman irraa komiin jabaan miidiyaa hawaasummaarratti ni dhagaahama.
Komiin kun bulchiinsi MM Abiy, keessumaa hoogganoota TPLF hidhaa gadhiisuun isaa aarsaa gara caaalu naannoon Amaaraa baase busheessuudha jechuun miira ''ganamuu'' akka uume marsaalee miidiyaa hawaasaarratti qoodaa jiru. Kun maaliif ta'e gaaffii jedhuuf Dr Awwol, rakkoon isaa biyya Itoophiyaa akka ijaaramtu barbaadamu irratti adda addummaa fedhaa jirutu sababadha jedhu. ''Beektotnifi dhaabbileen Amaaraa hedduun hiikamuu hidhamtoota siyaasaa mormaniiru, waraanichi karaa nagaa akka xumuramuus waan fedhan hin fakkaatu'' kan jedhan Dr Awwol, waraanichi mataan isaa Itoophiyaan fuula duratti biyya akkamii akka taaturratti garaagartummaa fedha jirurraa madda jedhu. ''Warri Amaaraa siyaasa Itoophiyaa barootaaf dhuunfatanii turan. Sirna federaalaa Itoophiyaa kana hin fedhan. Sababni isaa ammoo biyya Itoophiyaa keessatti olaantummaa qaban hin eeguuf. Sabaafi sablammiileen Itoophiyaa sirna federaalaa waan fedhaniif amma rakkoon kun marii siyaasaan kan furamu yoo ta'e inni fedha keenya nuu hin kabachiisu jedhanii yaadu.'' Dr Awwol mootummaan mariin biyyaalessaa amanamaafi hunda hammataan akka gaggeefamu ammallee tarkaanfiiwwan dabalataa fudhachuu qabaa jedhanii amanu. Hidhamtoota siyaasaa gariin gadhiifaman kana duuba hedduun ammallee hidhaa jiru, isaan gadhiisuu qofa osoo hin taane waraana adeemaa jiru dhaabuutu irra jiraa jedhan. ''Osoo waraanni gaggeefamaa jiruu, garee kaan marii keessaa hambisuun mariin sun amanamaa hin ta'u.'' Mootummaan Itoophiyaa mariin biyyaalessaa rakkoolee Itoophiyaa furaa jedhee abdatu qaama walaba ta'een akka gaggeefamu Komishinii Marii Biyyaalessaa waggoota sadiif turu Mana Maree Bakka Bu'oota Uummataan akka hundeeffamu godheera. Komishinaroonnis eeruu uummataan akka filataman taasisaa jira. Eenyutu marii kana keessatti hirmaata, eenyutu hin hirmaatu kan jedhu kan murtaa'u komishinii hundaa'een malee mootummaan miti yaada jedhus amma dura beeksiseera.
Eenyutu marii kana keessatti hirmaata, eenyutu hin hirmaatu kan jedhu kan murtaa'u komishinii hundaa'een malee mootummaan miti yaada jedhus amma dura beeksiseera.
Waraana Kaaba Itoophiyaa: ‘Haleellaan diroonii Tigiraayitti namoota 17 ajjeese’ - Hojjattoota gargaarsaa Naannoo Tigiraay, bakka waraanaan burkutoofte keessatti haleellaan diroonii haaraan gaafa Wiixataa raawwatame lubbuu namoota 17 dabarsuu hojjattoonnii gargaarsaa himan. Haleellaan kanaan walfakkaatu si’a lama torban darbe keessa dawoo baqattootarratti kan raawwatame yoo ta’u, baqattoota fi namoonnii qe’eerra buqqa’an kanneen lakkoofsaan 60 dhiyaatan ajjeefamaniiru. Wiixatammoo haleellaan haaraan mana baaburaa tokkorra qaqqabe. Namoota haleellaa xiyyaaratiin Maayitsabiriitti ajjeefaman keessaa harki caalaan isaanii dubartoota ta’uu isaanitu gabaafame. BBC’n gabaasa haaraa kana qaama walabaarraa hin mirkaneeffanne. Humnoonni Tigiraay naannoolee ollaa; Amaaraa fi Affaar keessaa erga bahanii as lolli hanga tokkoo qabbanaa'eera. Taatullee, haleellaan xiyyaaraa itti fufuu isaatiin Dhaabbanni Biyyoota Gamtoomanii kutaalee Tigiraayi muraasa keessa akka hin sochoone murteessuu hime. "Haleellaawwan diroonii raawwatamaa jiran irraan kan ka'e sochii dhaabuu malee filannoo biraa hin arganne" jedhe dhaabbanni qindeessaa deeggarsa namoomaa UN OCHAn. Dhaabbatni ‘UNICEF’ gama isaatiin akka ibsetti haleellaan dawoo baqattootarratti raawwate yakka waraanaa ta’uu mala jedheera. Dhaabbati Biyyoota Gamtoomanii fi Pirezedantiin Ameerikaa Joo Baayideen gama isaanitiin, haleellaan xiyyaaraa raawwatamuun itti fufe, namoota nagaa ajjeesuurratti yaaaddoo qaban kaasuun ni yaadatama. Haleellaan torban darbe raawwatees lammiilee nagaa galaafachuu Rooyitars dhaabbilee deeggarsa namoomaa wabeeffachuun gabaaseera. Torbee darbe keessa haleellaa qilleensarraa kaampii baqattootaa naannoo Tigraay keessa jiru Maay Ayinii jedhamurratti raawwatameen baqattoonni Eertiraa sadi ajjeefamuu UN himee ture.
Torbee darbe keessa haleellaa qilleensarraa kaampii baqattootaa naannoo Tigraay keessa jiru Maay Ayinii jedhamurratti raawwatameen baqattoonni Eertiraa sadi ajjeefamuu UN himee ture. Haleellaa qilleensarraa biraa Sanbata kaampii baqattootaa Dadabiit irratti raawwateen immoo namoonni nagaa 56 ajjeefamuu fi namoonni 100 ol madaa'uu TPLF ibsa baaseen beeksisee jira. Dhaabbanni UN dhimma daa'immanii irratti hojjetu UNICEF ibsa Dilbata baaseen, haleellaa qilleensarraa kaampii buqqaatotaa irratti tibbana raawwatamaa jiruun dheekkamuu beeksiseera. Haleellaa Amajjii 5 fi 7 raawwatameen daa'imman dabalatee namoonni hedduun yoo ajjeefaman, hedduun madaa'aniiru jedhe. UN, Gamtaan Awurooppaa akkasumas Ameerikaan haleellaa qilleensaa lammiilee nagaa miidheen walqabatee yaaddoo isaanii ibsaniiru. Waraana Kaaba Itoophiyaatti baatii 14 dura eegaleen lammiileen kumaan lakkaa'aman yoo ajjeefaman, miliyoonaan kan lakkaa'aman immoo qe'eerraa buqqa'uun ni beekama.
Waraana Kaaba Itoophiyaa: MM Abiy Ahimad waraanatti xumura tolchuuf 'itti-gaafatama addaa qabu' – Koree Badhaasa Nobeelii Badhaafamaa Noobelii Nagaa bara 2019 kan tahan Ministirri Muummee Itoophiyaa Abiy Ahimad waraana waliinii Kaaba Itoophiyaa miidhaa jiru akka xumura itti tolchan Koreen Noobelii Noorway gaafate. Badhaafaman Noobelii Nagaa Abiy Ahimad, waraana dhiiga dhangalaasaa jiru kana dhaabuuf, ''itti gaafatamummaa addaa'' qabu jedhe korichi ibsa baaseen. Berit Reiss-Andersen, Hoggantuun Koree Badhaasa Noobeli MM Abiy waraanicha dhaabuun karaa nagaan akka hiikamu gochuu qabu jechuu isaanii AFP'tu gabaase. Waraana Itoophiyaa ilaalchisee koreen Noobelii kun ibsa yeroo baasu yeroo baay'ee hin mul'atu. Dhimma kana irratti deebii kan kennan Dubbii Himtuun Waajjira Ministira Muummee Billanee Siyyuum mootummaan itti - gaafatamummaa isaa sirnaan baheera jechuun isaanii gabaafameera. ''Dhuguma MM Abiy waraana TPLF'dhaan itti baname xumura tolchuuf 'itt-gaafatama addaa' fudhataniiru. ''Waraana waggaa darbe qofa osoo hin taane garee diigumsaa TPLF kan paarlaamaa Itoophiyaan labsii shororkeessummaa jalatti galmaa'etti xumura tolchuuf dirqama fudhatee socho'eera,'' jechuun himan. Dubbiin Koree Nobeelii Nagaa kuni yeroo bulchaan Itoophiyaa waraanarra nagaa lallabuu eegalaniifi marii biyyaalessaa gaggeessuuf sochiin taasifamaa jiru dhagahame. MM Abiy waraana Itoophiyaa fi Eertiraa gidduutti waggoota 20'f turetti xumura gochuun biyyoota lamaan gidduutti araara buusuuni badhaasa Noobelii Nagaa kan mo'atani. Ta'us, waggaa tokko booda waraana federaalaafi humnoota TPLF gidduutti waraanni gara biraan baname. Waraanichi sarbama mirga namoomaa hamaa, ajjeechaa fi rakkoolee deeggarsa namoomaa hamaan akka dhaqqaban waan godheef hawaasni idil-adunyaa nagaan akka bu'uuf watwaataa ture.
Kana duras Dubbii Himtuun MM Abiy Billanee Siyyuum Badhaasni Noobeli Nagaa ''yeroo biyyi rakkoo keessa jirtutti cancala akka hin hojjenne harka si hidhu miti,'' jedhanii turan. Ibsi koree Badhaasa Noobelii kun akka nagaan bu'uuf dhiibbaa ni taasisa jedhamee amanama. Erga Sadaasa bara 2020 as Kaaba Itoophiyaa keessatti waraanni cimaan deemaa ture. Buufatni Waraanaa Raayyaa Ittisa Biyyaa humnoota TPLF'n erga haleelamee booda ture MM Abiy Ahimed loltoota isaanii gara naannichaatti kan ergan. TPLF dursee ofirraa ittisuuf haleellaa raawwatuu hime. Waraanichaan kumi hedduu ajjeefamuun miliyoonaan ammoo qe'ee isaanii irraa buqqa'aniiru. Tibbana Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa deeggarsa meeshaalee fayyaa naannicha seensisuuf yaaluus akka dhorkame hime. Mootummaan Itoophiyaa himannaa kana hin fudhatu. ''Deeggarsi namoomaa naannicha keessaa haala hamaa irratti argama, deeggarsi namoomaa gahaan akka hin galle gochuun fudhatama hin qabu,'' jedhan dursituun koree Badhaasa Noobelii Nagaa, Reiss- Andersen. Ibsa miidiyaaleef kenname irratti Daarikterri Ol aanaan Humaan Raayits Waach, Keeneet Root, biyyootni kaan Abiy deeggarsi akka seenu akka eeyyamaniif dhiibbaa gochuu qabu jedhan. ''Kun adabbii waliigalaan fudhatamaa jirudha. Kun humnoota TPLF adabuu miti. Kun uummata naannoo Tigiraay keessaa adabuudha...'' jedhan Root. Waraanni waggaa tokko dura naannoo Tigiraay keessatti jalqabe gara naannoo Amaaraa fi Affaaritti babal'achuun namootni hedduun akka lubbuu dhabanii fi qabeenyi manca'u godheera. Abiy Ahimad erga gara adda waraanaatti imaluun loltoota isaanii lolchiisanii humnootni TPLF naannoo Affaarii fi Amaaraa keessaa baafamaniiru. Mootummaan waraanni federaalaa Tigraay akka hin seenne ajajuus haleellaan gama xiyyaaraan garuu akka raawwataa jiru gabaasaaleen ni mul'isu.
Mootummaan waraanni federaalaa Tigraay akka hin seenne ajajuus haleellaan gama xiyyaaraan garuu akka raawwataa jiru gabaasaaleen ni mul'isu. Haleellaan kunis lubbuu lammiilee nagaa du'aaf akka saaxile ibsuun dhaabbileeniifi biyyoonni lammiilee nagaaf eegumsi akka taasifamu dhaamaniiru.
Itoophiyaatti qaala'iinsa jireenyaa tasgabbeessuuf qamadiifi zayitiin bitame Qaala'insa jireenyaa Itoophiyaa keessatti mul'achaa jiru tasgabbeessuuf jecha bittaan qamadiin kuntaala miliyoona afuriifi zayita nyaataa liitira miliyoona 12.5 gaggeeffamuu Ministeerri Maallaqaa beeksise. Bittaan kun kan raawwatame ji'oota Onkoloolessaafi Sadaasa keessa yoo ta'u, qamadii kuntaala miliyoona afur bitame keessaa kuntaala miliyoona tokkoo ol kan ta'u gara biyyaatti galuun isaas ibsameera. Qamadii isa hafe ammoo hanga danda'ametti saffisaan biyya keessa galchuudhaaf adeemsarra akka jiru kan ibsame yoo ta'u, gatiin qamadiis akka hin aballeef gahee mataa isaatii ni qabaata jedhe Ministeerri Maallaqaa ibsa har'a Amajji 04, 2022 fuula miidiyaa hawaasummaa isaarratti baaseen. Akkasumas, bittaan zayita nyaataa liitira milioyoona 12.5 raawwatames gara biyya keessaa akka galuuf adeemsarra akka jiru Ministeerichi beeksiseera. Bittaa qamadiifi zayita nyaataa hangi isaa gudaa ta'e raawwachuun kun gatiin akka malee akka hin aballeef to'achuuf, akkasumas qaala'insa jireenyaa gama tasgabbeessuutiin faayidaa akka qabu kan ibsame yoo ta'u, gama dinageen [maakiroo] hin raafamne akka jiraatu gochuutiinis shoora taphatu qaba jedhameera. Ministeerichiifi dhaabbileen biroon isatti waamaman yeroo gamaggamni raawwii hojii guyyoota 100 taasifametti ture kana kan ibse. Dabalataanis, warren zayita nyaataafi daakuu alarraa galchan sharafa alaa kan ofii isaaniitiin akka galfatan taasifamuu isaatiin gatiin shaqaxawwanii bakkuma jirurra akka turu taasiseera jedhame,. Sababii waraana Kaaba Itoophiyaafi hanqina sharafa alaarraa kan ka'een gatiin dabaluun mul'ateera kan jedhame Itoophiyaa keessatti hanga tokkos hir'insas agarsiiseera jedhameera.
Sababii waraana Kaaba Itoophiyaafi hanqina sharafa alaarraa kan ka'een gatiin dabaluun mul'ateera kan jedhame Itoophiyaa keessatti hanga tokkos hir'insas agarsiiseera jedhameera. Onkoloolessa darbe daballi gatii waliigalaa dhibbentaa 34.2 kan ture, ji'a Sadaasa keessa gara dhibbentaa 33.0tti hir'ateera jedheera. Daballiin gatii ji'a Sadaasa keessa ture kan ji'a Onkoloolessaa keessa ture waliin yeroo ilaalamu dhibbentaa 1.8 kan hir;ate yoo ta'u, yeroodhuma wal fakkaatu keessa daballiin gatii shaqaxawwan midhaan nyaataa hin ta'iin ammoo dhibbentaa 1.0tiin kan dabale ta'uu ragaan argame ni mul'isa.
Waraana Kaaba Itoophiyaa: Ministirri mummee Abiy Ahimad rakkoo sirna haqaa keessa jiru cimsanii qeeqan Ministirri mummee Abiy Ahimad guyyoota laman darbanitti marii kaabinee isaanii waliin taasisaniin sirna haqaa biyyattii cimsanii qeeqan. Ministirri mummee biyyattii miseensota kaabinee isaanii waliin raawwii karoora guyyoota 100 yeroo yeroo gamaaggamanittidha qeeqa dhiheessuun isaanii kan dhagahame. ‘’Dhaabonni haqaa qarshiidhaan yoo hin gowwomfamnellee haaloodhaan gowwomfamu,’’ erga jedhaniin booda, ‘’abbaan seeraa tokko dhiigaan hin yaadu taanaan, wal-beekuudhaan yaada taanaan, qarshii fudhates, fudhachuudhaa baate malaanmalaa dha,’’ jedhan. MM Abiy mana murtii, abbaa alangee akkasumas poolisii walitti qabanii kan qeeqan yoo tahu, ‘’nuti waa’ee haqaa odeessuu hin dandeenyu,’’ jechuun kan isaan kaabinee isaanitti dubbatan TV biyyaalessaan gabaafameera. Sirni haqaa fooyya’uu akka qabu kan akeekan waraanni kuni jalqabuu hordofee dhalattoota Tigraay to’annoo jala oolan akka fakkeenyaatti kaasuuni. ''Dhalattoota Tigraay jedhamuun yeroo garaagaraatti namoonni shakkamaniifi to’annoo jala oolan kan umriin isaanii 70,75 fi 80 dha. ''Namoota akkasii dhukkuba sukkaaraa fi dhiibbaa dhiigaa qaban fuudhanii mana hidhaa galchuun Itoophiyaaf dhimmamuu fi Itoophiyaatti rakkoon akka hin dhufne yaaduurraa mitii. ''Warreen sooressa tahan jala bu’anii adamsuun hattummaa dha. Kuni nu hin fayyadu,’’ jechuun ibsaniiru. Adeemsi hojii akkanaa faayidaa hin qabu kan jedhan yoo tahu, ‘’namoonni baayyee akka malee hidhamu. Nun fayyadu. Takka takka poolisii, yeroo kaan abbaa alangee, takka takka immoo mana murtiitu raawwata kana. ''Sirni haqaa guutummaa qarshii yoo hin fudhanne, dhiigaan ykn amantiidhaan gowwomfama,’’ jechuun himan.
Qeeqni MM Abiy Ahimad kuni kan dhagahame Poolisiin Finfinnee, ‘’TPLF waliin hidhata qabu,’’ jedhamuun namoota hidhee ture gadhiiseera jechuun booda dha. Koomishiniin Poolisii Finfinnee ibsa Kamisa kaleessaa baaseen ‘’Qajeelfama labsiin yeroo muddamaa kennun namoota to’annoo jala oolanii qoratamaa jiran keessaa muraasni wabiidhaan akka gadhiifaman taheera,’’ jechuun ibse. Koomishinichi kanneen hin hiikamiin hafan, ‘’ulfaatina gochaa isaaniirratti hundaa’uun gara fuulduraatti gadhiifamu,’’ jedheera Namoonni wabiidhaan gadhiifamaniiru, jedhe immoo gara fuulduraatti hammuma badii isaanii akka gaafatamaniifi qaamota seeraan waamichi gaafa godhamuufi dhiyaachuun akka irra jiraatu beeksiseera. Koomishinichi namoota hangam akka gadhiise, namooti hangam immoo hidhaa akka jiraniifi meeqarratti immoo himatni baname kan jedhu ilaalchisee odeeffannoo dabalataa argachuuf yaaliin taasifne hin milkoofne. Poolisiin namoota hidhaarra turan keessaa ‘’gochaa isaaniin gaabbanii kan dhiifama gaafatan, yakka olaanaa kanneen hin raawwanneefi hidhaadha yoo bahanis kanneen yaaddoo tahuu hin dandeenye,’’ of eeggannnoon adda baafamaniiru kan jedhe yoo tahu, kan hiikamanis wabiidhaani jedheera. Komishiniin Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa gama isaatiin guyyoota muraasa darban dubartoonni, maangudoofi namoonni rakkoo fayyaa qabaniifi labsii yeroo muddamaan walqabatee hidhaman hiikamuu isaanii ibseera. Komishinichi dabalees tarkaanfiin poolisiin fudhate jajjabeessaadha jedhe. Komishinichi ibsa baasen tarkaanfiin walfakkaataa Finfinneefi bakkeewwan biyyattii birootti akka itti fufu gaafateera. ''Ammallee dhimma gaazexeessitoota hidhaarra jiran dabalatee adeemsi qorannoo saffisaan akka xumuramuufi haalli hidhaa akka fooyya'u dabalees maatiin bakkaafi haalli miseensa maatii isaanii jiru akka itti himamu hubachiisna,'' jechuun dhaame. Komishinichi kana duras haala qabannaa hidhamtootaafi namoota siyaasaa erga manni murti bilisaan gadhiisee booda hidhaa turanirratti ibsa baasuun isaa ni yaadatama.
Komishinichi kana duras haala qabannaa hidhamtootaafi namoota siyaasaa erga manni murti bilisaan gadhiisee booda hidhaa turanirratti ibsa baasuun isaa ni yaadatama.
Antonii Bilinkan fi Uhuruu Keeniyaataa dhimma Itoophiyaa fi Somaaliyaa irratti mari'atan Ministirri Haajaa Alaa US Antonii Bilinkan fi Pireezidantii Keeniyaa Uhuruu Keeniyaataa dhimma rakkoo nageenyaa Itoophiyaa fi goolama siyaasaa Somaaliyaa akkaataa furuun danda'amurratti waliin mari'atan. Antonii Bilinkan Uhuuruu waliin dhimmoota waloo ta'anii fi dhimma naannawa Gaanafa Afrikaa fi Baha Afrikaarrattis mar'achuun Dubbii Himaan Ministeera Dhimma Alaa Ameerikaa Need Piraayis beeksiisan. Need Piraayis akka karaa toora tiwiitara isaanitiin jedhaniiti, qondaaltonni lamaan Itoophiyaa keessatti waraanni hatattamaan dhaabbatee nagaan akka bu'u, dhiittaan mirga namoomaa fi hookkarri akka dhaabbatu akkasumas mariin akka gaggeeffamuu qabu waliigalaniiru. Ji'a tokkoon dura humnoonni TPLF gara giddugala biyyaatti dhiyaachuun yaaddoo erga uumaniin booda, duula mootummaan walitti aansee gaggeesseen naannolee Amaaraa fi Affaar keessaa iddoowwan TPLF'n to'atamanii turan walaboomsuun to'achuu danda'eera. Qondaaltonni TPLF lotootasaanii gara Tigraay deebisuun mariif qophii akka ta'an gaaffiisaanii ifatti dhiyeessaniiru. Mootummaan Itoophiyaas torbee darbe akka ibsetti, iddoowwan naannolee Amaaraa fi Affaar keessaa humnoota TPLF'n qabaman erga gadi dhiisisee booda duula waraanaa itti fufee Tigraay keessatti akka hin gaggeessine ibsee ture. Mootummaan Ameerikaa fi Dhaabbanni Biyyoota Gamtoomanis tarkaanfiin gareen lameenuu fudhatan kan deeggaramu ta'uu ibsanii mariin hatattamaan akka eegalu jajjabeessan. Ministirri Dhimma Alaa US Antonii Bilinkan tattaaffii araaraa Pireezidaanti Keeniyaataa fi ergamaan addaa Gamtaa Afrikaa Oliseegun Obasaanjoo gochaa jiran akka deeggaran ibsan. ''Mootummaan US tattaaffii araaraa fi jaarsummaa Pireezidanti Keeniyaataa fi Gaanfa Afrikaatti ergamaan addaa Gamtaa Afrikaa Oliseegun Obasaanjoo taasisaa jiran cimsee akka deeggaru Ministirri Haajaa alaa kun ibsaniiru,'' jedhan Need Piraayis ibsa isaaniiti kanaan.
''Mootummaan US tattaaffii araaraa fi jaarsummaa Pireezidanti Keeniyaataa fi Gaanfa Afrikaatti ergamaan addaa Gamtaa Afrikaa Oliseegun Obasaanjoo taasisaa jiran cimsee akka deeggaru Ministirri Haajaa alaa kun ibsaniiru,'' jedhan Need Piraayis ibsa isaaniiti kanaan. Antonii Bilinkan dhimma goolama siyaasaa Somaaliyaarrattis yaada kennaniin filannoon hatattamaan gaggeeffamee rakkoon siyaasaa furamuu akka qabu dhaaman. Dureewwan naannolee biyyatti sadarkaa federaalaa fi naannootti jiran hundinuu filannoo paarlaamaa fi pireezidantummaa haqaa fi bilisa ta'e, kan xaxaa fi hannarraa qulqullaa'e hatattamaan gaggeessuurratti fuulleffachuu qabu jedhan qondaalli kun. Filannoon Somaaliyaa keessatti gaggeeffamu kan qaamni hunduu irratti waliigaluu fi bu'aansaa rakkoo biraa hin hordofsiisne ta'uu akka qabus dhaaman. Mootummaan US yaalii Ministira Muummee Somaaliyaa Roble aangoorraa kaasuuf taasifame ni morma kan jedhan Antonii Bilinken, qaamoleen hunduu dubbii dhaadhessuu fi hammeessuu akkasumas walsakaaluurra waliigalteedhaan gara furmaataatti fuulleffachuu qabu jedhan. Aangoonsaanii dursee kan obba'e Pireezidantiin Somaaliyaa Abdullaahii Farmaajoo, Ministirri Muummee biyyattii aangoo seeraan ala fayyadamaniiru, lafa mootummaas seeraan ala qabataniiru jechuun hanga qoratamee qulqullaa'utti aangoorraa ittisaniiru. Haata'u malee Ministirri Muummee kun tarkaanfii dhorkaa pireezidantichi dabarsan kanaan ''fonqolcha mootummaati'' jechuun tarkaanficha akka hin fudhannee fi hojiisaaniis akka itti fufan ibsaniiru. Atakaaroon qondaaltota lameen gidduutti uumamee jiru kun gara walitti bu'iinsa hamaatti deemuu mala sodaa jedhu uumeera.
Waraana Kaaba Itoophiyaa: Itoophiyaan 'birmadummaa biyyaa dhiiba' jechuun murtee UN kufaa goote Itoophiyaan murtee Manni Maree Nageenyaa UN komiishiniin idil-addunyaa sarbama mirgoota namoomaa waraana Itoophiyaa waggaa tokko lakkoofsise keessatti raawwataman qoratu akka hundaa'u dabarse kufaa goote. Komiishinii kana waliin hojjechuuf hayyamamtuu akka hin taanes ibsi Ministeerri Haajaa Alaa Itoophiyaa Jimaata baase ni hima. Manni Maree Nageenyaa UN faayidaa qaamolee ajandaa siyaasaa isaanii tarkaanfachiisuu barbaadaniif oolfamuutti Itoophiyaan akka malee mufatteetti jedha ibsichi. Murteen darbe faallaa yaadota furmaataa qorannoo waloo Komiishinii Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa fi Waajjira Mirgoota Namoomaa UN keessatti eeramaniiti jedhe. Manni Maree Mirgoota Namoomaa UN walgahii addaa Jimaata Jenevaatti taa'een sarbama mirgoota namoomaa Itoophiyaa keessatti qaamolee hundaan raawwataman qorachuuf komiishiniin eksipartootaa idil-addunyaa akka hundaa'u sagalee caalmaan murteesse. Biyyooti miseensa mana marichaa 21 yaada murtii dhiyaate yoo deeggaran, 15 mormanii 11 ammoo sagalee hin kennine. Mootummaan Itoophiyaa walgahiin kun osoo hin taa'amiin dura murtee walgahichi dabarsu kamuu akka hin fudhanne beeksisee ture. Itoophiyaan mana maricha waliin haala ijaaraa ta'een waliin hojjechuuf gaaffii dhiyeessitus, qaamoleen fedhii siyaasaa qaban mirga sagalee caalmaatti fayyadamuun murtichi akka darbu gochuu ibsi Ministeera Haajaa Alaa qeeqeera. "Gochi mana marichaa kun karaa itti dhimma keessoo biyya biradummaa qabduu keessa harka naqatan barbaaddachuuf yaalii taasifamedha. Haala lafarra jiru yoo hammeesse malee faayidaan inni qabus hin jiru." Itoophiyaan "walgahii addaa waamames ta'e murtee wagahichaa bu'aa siyaasaaf jecha dabarfame guutummaatti kufaa gooti" jedhe. Murteen akkanaa birmadummaa Itoophiyaa, tokkumaa daangaa fi walabummaa siyaasaa biyyattii kan dhiibuudha jedhe.
Murteen akkanaa birmadummaa Itoophiyaa, tokkumaa daangaa fi walabummaa siyaasaa biyyattii kan dhiibuudha jedhe. Itoophiyaan komiishinii eksipartootaa idil-addunyaa bu'uura murtee kanaatiin waliigaltee ishii malee hundaa'u waliin tumsitee hin hojjettu jedha ibsi kun. UN qaamoleen waraana Itoophiyaa irratti hirmaatan marti sarbama mirgootaa raawwachuu himee, waraanni Itoophiyaa guutummaa naannichaaf balaa waan qabuuf humnooti hundi of duuba deebi'uu akka qabanis akeekkachiise.
Mootummaan Itoophiyaa baasii baase bakka buusuuf baajata dabalataa Birrii bil 122 gaafate Ministerri Maallaqaa sababa waraana Kaaba Itoophiyaatti gaggeesseen baasiin dabalataa waan isa barbaachiseef Mana Maree Ministerotaaf baajata dabalataa Birrii biliyoona 122 tahu gaafate. Ministerichi akka beeksisetti sababa waraana mudateen baasiin dabalataa barbaachisuufi galii mootummaan walitti qabuun kaffaaltii gaafatame deebisuun ulfaataa waan taheef akkasumas baasii dabalataa jiru baajataa adda addaa walitti fiduun deebisuun waan hin danda'amneef dabalata gaafate. Baajatni dabalataa kun nageenya biyyaa eeguuf, deeggarsa namoomaa, lammiilee waraanaan fi walitti bu'insaan miidhaan irra gahe deebisanii bayyaannachiisuufi hojii mootummaa biroo raawwachiisuuf kan oolu tahuu ministirichi himeera. Waraanni naannoo Tigiraay keessatti eegalee waggaa tokkoo ol ture, gara naannoo Amaaraa fi Affaaritti babbal'achuun mancaatii guddaa kan geesise yoo tahu, mootummaa baasii guddaa baasisuun dingadee biyyaa irratti dhiibbaa guddaa geesisuu isaa ni himama. Waraanicha waliin wal qabatee baasii jiru haguuguuf bara darbes baajatni dabalataa Birrii biliyoona 26.4 tahu ragga'uu isaa ni yaadatama. Yeroo sana 2013 sababiin ibsame tokko baasii waraana Kaaba Itoophiyaatti mudateef barbaachisu, lammiilee goginsaan miidhamaniif, warra qe'ee isaanii irraa buqqa'aniifi kanneen deebi'aniif deeggarsa guyyaa gochuuf, Covid-19 ittisuu fi xaa'oo dhiyeessuuf kaffaltii raawwachuuf akka ture himame. Baajatni dabalataa bara kana ministirichi gaafate ammoo isa kan bara darbeen dachaa afuriin caala. Gaaffiin dhiyaate kunis mana maree ministerotaan ilaalamee paarlaamaa biyyattiif kan dhiyaatu yoo tahu, fudhatama yoo argate kallattumaan hojiirra kan oolu tahuu isaa ministeerichi himeera. Bara darbe Itoophiyaan bara 2014f seenaa keessatti yeroo jalqabaaf baajata guddaa raggaasisfte.
Bara darbe Itoophiyaan bara 2014f seenaa keessatti yeroo jalqabaaf baajata guddaa raggaasisfte. Baajatni biyyattii yeroodhaa gara yerootti kan guddataa deeme yoo tahu, baajatni bara kanaa garuu Birrii biliyoona 561 tahee Mana Maree Bakka Bu'oota Uummataan ragga'eera. Kunis baajata bara 2013 irraa Birrii biliyoona 85'niin caalmaa kan qabu yoo tahu seenaa biyyattii keessatti isa ol aanaas taheera. Baajatni amma dabalataan gaafatame gaafa itti dabalamu ammoo Birrii biliyoona 680 tahuu isaati.
Walabummaa Pireesii: Gaazexeessitoota hidhaa jiraniifi maatii deebii eegaa jiran Torbee lamman darbe keessa humnoota nageenyaan gaazexeessitoota to’annoo jala oolan keessaa lama iddoon jiran beekamuu dhabuu, akkasumas kanneen biroo mana murtiittii hin dhiyaatiin hafuun ijoo dubbii tahee ture. Gaazexeessaa Raadiyoo Ahaaduu Kibroom Warquu maatiifi poolisiin baatii tokkoof isa hin argine jechuun ni yaadatama. Hundeessaafi hogganaan miidiyaa Taraaraa Taammiraat Nagaraa guyyoota torbaaf iddoon jiru otoo hin beekamiin tureera. Abbaan Kibroom ilmi isaanii eessa akka jiru akka hin beekneefi gaafa Mudde 12/2014 A.L.I beellama mana murtii gatii qabaniif waan dhaddachi jedhu dhagahuuf eeggataa akka jiran himaniiru. Haati warraa Taammiraat Nagaraa Salaam, torbe darbe Mudde 07/2014A.L.I dhaddacha Galaan jirutti dhiyaachuusaa borumtaasaa maatii waliin isa iyyaafachuu deemanii akka baran BBCtti himteetti. ‘’Qajeelcha poolisii magaalaa Galaan dhaqneetu isa arganne. Himannaa irratti dhiyaate hin barre. Nagaa kooti hin yaadda’iinaa nuun jedheera. Iddoo jirus Koomishinii Mirga Namoomaatti beeksisneerra. Tahus fagoo irraati yeroo gabaabduuf walitti dubbanne. Guyyaa 15 booda mana murtii achuma jirutti akka dhiyaatus nutti himeera,’’ jetteetti haati warraasaa. Hundeessituu miidiyaa Rohaa jedhamuufi yuutiyuubiin darbu, Ma’aazaa Mahaammad torbee darbe gaafa Jimaataa Poolisii Addis Ababa irraa gara dhaddacha ramaddii Araadaatti geeffamtus poolisiin qoratu wajjin ijaa hin deemneef, akkasumas abbaan seeraa dhaddachatti argamuu dhabuun dhimmishee otoo hin ilaalamuun deebi’uu obboleessishee Yusuuf Mahaammad BBCtti himeera. Feetu Wiixataa har’aa dhaddacha yoo geeffamteef jedhee abbaan warraashee mana murtiitti eegaa akka jiruufi garuu hanga yoonaa dhaddachatti akka hin dhiyaanne obboleessishee dubbateera.
Feetu Wiixataa har’aa dhaddacha yoo geeffamteef jedhee abbaan warraashee mana murtiitti eegaa akka jiruufi garuu hanga yoonaa dhaddachatti akka hin dhiyaanne obboleessishee dubbateera. Ma’aazaan torbee darberraa qabee dhukkubni qufaa fakkaatu akka ishee jalqabeefi hamma yoonaa garuu yaalii gaafattee akka hin arganne himeera. ‘’Na caccabsa jetti. Iddoo hidhamtee jirtutti namoonni 50 akka jiraniifi maaskii dabalatee of-eeggannoon homaayyuu akka hin jirre nutti himteetti,’’ jedheera obboleessi. ‘’Hidhamuunshee maatii dhiphiseera. Daa’ima Wallaggatti maatiishee dhabde fiddee asitti guddisaa jirti. Daa’imnishees jirti, naannoo Askootti ijoolleen gargaartu jiru. Haqa ariifataa akka argattu barbaanna,’’ jechuun himeera. Haaluma wal-fakkaataan buufata poolisii Finfinnee Sostanyaa jedhamu kan jiru Iyyaaspeed Tasfaayee dhukkubsachuusaa haatisaa Aadde Tashaalach, hiriyyootasaarraa akka dhagahan himuun isaan garuu ofii dhukkubsatanii waan jiraniif deemanii akka isa hin argine dubbataniiru. ‘’Nama kadhadheen itti erga. Ilkaan gatii isa dhukkubuuf saamunaa ilkaanii qoricha qabu fayyadama ture. Isa naa ergi jedhee isa ergeeraafi. Egaa ilkaan isa dhukkubeera jedheen yaade. Hamma yoonaa mana murtiitti hin dhiyaanne. Abukaatoo isaaf dhaabuu barbaadana ,’’ Aadde Tashaalach BBCtti himaniiru. Torbee tokko dura guyyoota muraasa keessatti humnoota mootummaan fudhatamuu Iyyaaspeed, Taammiraat fi Ma’aazaa, akkasumas gaazexeessaa baatii tokko dura to’annoo jala oole Kibroom ilaachisee qaamni mootummaa dhimmi kuni ilaallatu waanti jedhame hin jiru. BBC’n poolisiifi dhaabota mootummaa biroo irraa irra deddeebiin ibsa argachuuf yaaliin taasise otoo hin milkaa’in hafeera.
Waraana Tigraay: Yunivarsiitiin Walloo guutummaatti hojiitti deebiyuudhaaf waggaa lama na fudhata jedhe Waraana Kaaba Itoophiyaa tureen torbanootaaf to'annoo humnoota TPLF jala kan ture Yunvarsiitii Walloo, qabeenyii guddaan waan jalaa manca'eef guutummaatti hojiitti deebiyuudhaaf waggaa lama na fudhata jedhe.. Yunivarsiitiiwwan Naannoo Amaaraa keessatti argaman keessaa tokko kan ta'eefi magaalota Daseefi Kombolchaatti damee kan qabu Yunivarsiitichi, qabeenyi 'biiliyoona 10' gahu jalaa manca'uu himeera. Lola torban muraasa darban taasifameen waraanni mootummaa magaalota kanaafi bulchiinsa naannoo Amaaraa keessa lafa hedduu finciltoota Tigraay harkaa deeffateera. Ta'us, miidhaan gahe guddaa waan ta'ef deeggarsi gama mootummaa yoo taasifame carraan deebi'ee eegaluu isaa bal''aadha jedhu Pirezidantiin I/Aanaa Yunivarsiitii Walloo Dr Amaaree Mitikkuu. "Yunivarsiiticha sadarkaa hinjiru jedhamurra geesisaniiru. Gamoowwan kollejjii lama, akkasumas laaboraatoriiwwan haalaan miidhamaniiru. Kan barbada'aniis kan saamamanis jiru. Yoo mootummaan itti amane carraan dhaabbata barnoota olaanoo kana hojii eegalsiisuu ni jira jedhamee amana,'' jedhu Dr. Amaaraan. Finciltoonni TPLF torbanootaaf naannicha to'atanii turan erga MM Abiyy Ahimad torban darban keessa waraana biyyattii adda waraanaatii hoogganuu eegalee naannicha gadhiisanii bahan. Finciltootni TPLF kaampaasii Kombolchaa buufata leenjii isaanii, kaampaasii Dasee ammoo buufata ajajaan irraa kennamu akkasumas bakka itti walgahaan godhatanii turan jedhu. Miidhaa hidhattootaan qaqqabeen dabalataan haleellaan diroonii humna waraanaa Itoophiyaa Yunivarsiiticharraan miidhaa guddaa gahuus Dr. Amaareen dabalanii himaniiru. ''Haleellaa diroonii mootummaanis badiin dhaqqabeera. Gamoon lama guutummaa guutuutti barbadaa'eera. Galmi guddaa barattoonni itti eebbifaman, akkasumas gamoon bulchiinsa yunivarsiitichaa manca'aniiru.''
Waraana kanaan bakka humnoonni TPLF qabatanii turanitti bu'uraaleen misoomaa akka dhaabbileen fayyaa, buufataaleen xiyyaaraa, manneen barnootaafi kaanis manca'uu mootummaan Itoophiyaa ibsaa jira. Pireezidantii Ittaanaan Yunivarsiitii Walloo Dr. Amaareen miidhaan dhaaba barnootaa kanaarra gahee yoo tilmaamamu biiliyoona 10 akka ta'u BBC'tti himaniiru. ''Badii kana furuun yunivarsiiticha bakka dur turetti deebisuuf gabaa amma jiruun yoo ilaalle, kan yunivarsiitii Walloo qofa gara birrii biiliyoona 10 ni gaha.'' ''Damee barnootaa hundaan barattoota fudhachuu hin dandeenyu malee'' damee barnootaa filatameen Yunivarsitichi barattoota simachuun baruufi barsiisuu gaggeessuu akka danda'us himaniiru. Haata'u malee, hanga suphamee bakka duriitti deebi'uutti yoo eegne hanga waggaa lamaa ol nu duraa fudhachuu danda'a jedhu. Haala amma jiruun manni yaalii Yunivasriitichaa manca'ee, koompitaroonnis diskiin isaanii keessaa fudhatamee waan jiruuf darbees firaashiin irra cisan waan manca'eef kunneen yoo guutaman barattoota damee saayinsii hawaasaa barnootatti deebi'uu danda'u jechuunis himaniiru. ''Keesumaa kanneen Saayinsii Hawaasaa barataniifi eebbaaf jiini lama isaan hafe simannee eebbisiisuun ni danda'ama.'' Miidhaa qabeenyarra gahe dabalataan miseensota Raayyaa Ittisa Biyyaa miidhamanii achi turaniifi jiraattota naannichaa irratti miidhaan gaheera jedhan. ''Kunneen ajjeefamanii yunivarsiitii keessas, naannawichas reeffi isaanii argamee ummanni owwaaleera. Finciltoonni Tigraay kallattiin mana isaanii seenanii kan ajjeesan turan.'' ''Yunivarsiitii keessattiifi alatti kan awwaalaman jiru'' jedhanii, hojiin kana qulqulleessuu yeroo dhihootti adeemsifama. Humnootni TPLF ji'oota dura gara naannolee Amaaraafi Affaaritti seenuun haleellaa erga bananii booda namoota nagaa ajjeesuu dabalatee dubartoota dirqiin gudeeduu isaanii ragaaleen dhaabbilee idil-addunyaa mirga namoomaaf falmanii ni agarsiisa.
Humnootni TPLF ji'oota dura gara naannolee Amaaraafi Affaaritti seenuun haleellaa erga bananii booda namoota nagaa ajjeesuu dabalatee dubartoota dirqiin gudeeduu isaanii ragaaleen dhaabbilee idil-addunyaa mirga namoomaaf falmanii ni agarsiisa.
Waraanaa Tigraay: Mootummaan daandii guddicha Waldiyaa Maqalee geessuu to'achuu ibse Raayyaan Ittisa biyyaa itoophiyaa haleellaa milishootaafi humna addaa Amaaraa waliin ta'uun gaggeesseen, daandii guddaa Waldiyaadhaa gara Maqalee geessu to'achuu, Tajaajilli Komumikeeshinii Motummaa ibsa Muddee 11, 2021 galgala baaseen beeksise. Ibsichi dabaluunis, raayyaan daandii guddicha kana kutuun eddoowan waraanaaf baayyee barbaachisoo ta'an kan akka Dirree Roqaafi Sodomaa to'achuun gara magaalaa Haaraatti imalaa jira jedheera. Akkasumas raayyaan gaarreen Zoobil akkasumas magaaloota Arjoo Fokiisaa fi Booranaa to'achuu beeksiseera. Humni waluu kunis adda Wucaaleetiin gaarreen Ambaasal dabalatee Golboo, Aannaa Warra Baabboo, Kootiichaa Miilee, Aanaa Harbuutti Koobeel, naannoolee Markaataafi Faajjii to'achuun gara magaalaa Marsaatti qajeelaa jiraachu kaaseera. Humnootiin TPLF daandiin Qobboo Waldiyaa geessuu jalaa cufamu kaasuun Gaashanaa fi Laalibalaan miliquuf yaalaa jiraachu himeera. Dubbii Himaan TPLF Geetaachoo Radaa gama isaanitiin karaa toora miidiyaa hawaasaatiin, kaleessa akka barreessaniitti, deebii humnootii isaanii naannoo Amaaraatti isaan mudateef deebii gaarii kennuu, ''waan har'a Gaashanaafi Ambaasaliitti ta'e fi waan ittiaanuu yeroo biraa itti haa deebiinu'' jedheera. Waraanni naannoo Tigraayiitti waggaa tokkoon dura eegalee booda ammo gara naannoolee Amaaraafi Affaariitti babalateen, humnootiin TPLF magaaloota hedduu qabachuun gara Shawaa kaabaatti babalifatanii turan. Torbaniin dura MM Abiy Ahimad gara adda waraanaatti qajeeluun humna waloo hogganaa kan turan yoo ta'u, eddoowwan humnootii TPLFn qabatamanii turan hedduun humnoota motummaatiin to'atamanuun ibsameera. Kanneen keessaa magaaloota Shawaa kaabaatti argaman dabalatee, Magaalaa Daseefi Komboolachaa kana Walloo Kibbaatti argaman, magaalaa seena qabeettii Laallibalaa fi eddoowwan waraanaaf bu'aa qabeessoo jedhaman naannoo Affaar fi Amaaraa keessaa humnoota motummaatiin to'atamuun gabaafameera.
Kanneen keessaa magaaloota Shawaa kaabaatti argaman dabalatee, Magaalaa Daseefi Komboolachaa kana Walloo Kibbaatti argaman, magaalaa seena qabeettii Laallibalaa fi eddoowwan waraanaaf bu'aa qabeessoo jedhaman naannoo Affaar fi Amaaraa keessaa humnoota motummaatiin to'atamuun gabaafameera. Gama aangaa'oota TPLFn ammoo akka bahan kan taasiifameen ''murtee tarsiimootiin'' jechuun kan ibsan yoo ta'u, qondaalli waraana Itoophiyaa olaanoo kan ta'an Leetanaal janaraal Baacaan Dabalee ammoo BBCtti akka himaniitti, TPLF ''mo'amee bahee'' jedhaniiru. Waraanni Sadaasa 4, 2020 Tigraay keessatti eegalee ture gara naannoolee ollaa Amaaraafi Affaariiitti babbalachuun du'a namoota kumaatamaatiif sababa ta'eera. Akkasumas miliiyootaan kan lakkaa'aman qeesaanii akka buqqaa'aniif akkasimas kanneen kuma dhiibbaatamaan lakkaa'aman beelaaf akka saaxilaman madda ta'eera.
Mootummaan Dr Illeenii G/Madiin mana maree gorsitoota dinagdee keessaa baase Dr Illeenii G/Madin Mana Maree Gorsitoota Diinagdee MM Abiy Ahimad hundeessan keessaa guyyaa har'aa eegalee baafamuu Ministeerri Pilaaniifi Misoomaa beeksise. Sababni Dr Illeenii mana marichaa keessaa baasef sababa isaan walgahii onlaayinii Giddugala Nagaafi Misoomaa Idil - Addunyaa (PDCI) irratti hirmaataniifi. Mariicha irratti ''mootummaa Itoophiyaa filannoo seeraan filame jijjiiruufi ajandaa mootummaa ce'umsaa hundeessuu irratti hirmaachuun yaada yeroo kennan waan mul'ataniifi,'' jedheera ministeerichi. Guyyoota muraasa dura Dr Illeeniin ibsa baasaniin immoo qaama siyaasaa kamiinu hidhata akka hin qabne ibsaniiru. Ibsi ministeerichaa yaadotni DR Illeenii walgahii dhoksaan taasifamerra kaasan ''garee mana maree bakka bu'oota ummataan shororkeessummaan farrajame kan ifatti deeggarudha,'' jedheera. Torban kana eeyyamni dhaabbata miti mootummaa Giddugala Nagaafi Misoomaa Idil - Addunyaa (PDCI) jedhamuufi Itoophiyaa keessa socho'u kuni eeyyamni isaa haqameera. Akkaatuma Labsii Yeroo Muddamaatiin ''jiraachuufi birmadummaa biyyaa balaarra buusuf deeggarsa ni taasisa jechuun,'' eeyyamni isaa Abbaa Taayitaa Waldaalee Sivilii Itoophiyaan haqameera. Labsiin yeroo muddamaa Itoophiyaa dhaabbilee sivilii kanneen mootummaan shororkeessaa jedhe labsi kallattiinis ta'e kallattiin ala deeggarsa ni taasisu jedhee amane irraa eeyyama mulquu danda'a. Dhihoo viidiyoo miliqee baheen Dr Illeenii, Pirof Efreem Yisihaaq, Ambaasaaddar Birhaana G/Kiristoos, namoota Itoophiyaa beekamoo biroo, ambaasaaddaroota duraanii US fi kaan yeroo mari'atan mul'ataniiru. Kunis, ijoo dubbii ta'eera. Deebii Dr Illeeniin gama tiwiitara isaanii qoodaniin hirmaannaan walgahii sana irratti haala hin taanen akka hubatameefi kaayyoon walgahichaas Itoophiyaa keessa nagaa fiduuf kan kaayyeffatedha jedhaniiru.
Itoophiyaatti mootummaa ce'umsaa hundeessuu dabalatee heera biyyattiin ala jijjiirama mootummaa taasifamu kamu akka hin deeggarre himan. Hirmaannaan isaaniis akka lammii Itoophiyaa tokkotti diinagdee biyyattii waraanichaan miidhame deebisanii ijaaruuf fala barbaaduuf akka ta'e himan. Kanas yeroo raawwatan dhuunfaan malee dhaabbata dalaganiif akka bakka hin buune himan. Dabalataan, dhaabbati isaanii kanneen hojii kalaqan gargaaru, Biluu Muun, jedhamu cufamee mootummaan qorannoo irratti gaggeessaa akka jiru hoogganaan dhaabbatichaa Saamu'el Baqqalaa tiwiitara gubbaa barreessaniiru. Obbo Saamu'el waan Dr Illeeniin dalagan mormuun aangoo isaaniirraa gadhiisuu isaanii fuula tiwiitara isaanii irratti beeksisaniiru. Gama kaaniin kan Dr Illeeniin qooda keessaa kan qabaniifi kanneen hojii kalaqaniif haala mijataa uumuuf bakka hojii gabaabaafi dheeraa kan dhiheessu 'Biluu Sipees' keessa kan qooda qabanis Dr Illeenii qeeqaniiru. Dhaabbaticha keessa qooda kan qaban ogeessi diinagdee beekamaa Obbo Zamadeenah Nigaatuufi Yaasir Baagirash hirmaannaa walgahii Dr Illeenii akka balaaleeffatan tiwiitara gubbaa ibsaniiru. Pirofeesar Efreem Yisihaaq marii dhaabbati isaanii qopheesse karaa dogongoraan hubatameera jechuun ibsa baasaniiru. Walgahichi akka jedhametti dhoksaan akka hin ta'amneefi gama mootummaan UN'tti Ambaasaaddarri Itoophiyaa Taayye Astqasillaasee waamichi taasifamuufis waan isaan hin mijanneef hirmaatuu dhaban jedhan. Manni Maree Gorsitoota Diinagdee Walabaa ALI bara 2013 ture lammiilee Itoophiyaafi dhalattoota Itoophiyaa walitti fiduun kan hundaa'e. Gaheen isaaniis imaammata diinagdee biyyattiifi kallattii misoomaa irratti gorsa walabaa kennuuf akkasumas gamaaggama taasisuuf kan hunda'eedha. Kunneenis lakkoofsi isaanii kudha jaha dha. Kanneen keessaa tokko Dr Illeenii G/Madinidha. Ministeerri Pilaaniifi Misoomaa akka har'a beeksisetti miseensonni mana marichaa miseensa paartii kamirraayyuu bilisa akka ta'u qaban ibsa.
Ministeerri Pilaaniifi Misoomaa akka har'a beeksisetti miseensonni mana marichaa miseensa paartii kamirraayyuu bilisa akka ta'u qaban ibsa. Akkaatuma kanaan manni marichaa wal gahii arifachiisaa Sadaasa 18, 2014 taasiseen dalagaa Dr Illeeniin gadduu ibsee ammaan achi miseensa Mana Maree Gorsitoota Diinagdee Walabaa keessaa akka bahan murteessuu beeksise. Dr Illeeniin kalaqa hojiin, kanneen hojii kalaqaniif carraa kennuun akkasumas Gabaa Oomisha Itoophiyaa (ECX) eegalsiisuun beekamu. Dhihoo immoo Sagantaa Misoomaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii (UNDP) keessa damee haaraa dargaggoota hojii kalaqan deeggaruuf hundaa'e hoogganuuf muudamuun isaanii ni yaadatama.
Dubartoota falfalaan himatamanii ajjeefamaniif jaarraa 5 booda dhiifamni godhame Paarlaamaan Kaataloniyaa, dubartoota dhibbaan lakkaawwaman kan jaarraa 15 ffaa fi 18ffaa gidduutti toshituu ta'uu isaaniif ajjeefamaniif dhiifama godhe. Parlaamaan murtee kanarra kan ga’e sagalee deeggarsaa harka caalaan yoo ta’u, yaadannoon dubartoota 700 ol dararamanii ajjeefaman kanaa akka jiraatuuf jecha. Qorattoonni seenaa Ispeen akka hubatanitti, Awuroppaa keessatti bulchiinsi Kaatalaan ajaja falfaltoota yookaan toshitoota adamsuu gaggeessuun ishee jalqabaadha. Yeroo sanatti yakkoota adabbiin du'aa irratti muramu keessaa isa hammaatadha. “Dhiyeenya maqaa dubartoota 700 ol kan jaarraa 15 fi 18ffaa gidduu adamasamanii, dararamanii fi murtee du’aan ajjeefaman adda baasneerra,” jedha gartuun murteen kana duuba jiru. Yeroo sanatti yoo daa’imni tasa du’e ykn qonnaan marguu baate toshitootatu itti gaafatama ture jedha Yunivarsitii Baarseloonaatti piroofessarri seenaa ammayyaa Pawuu Kaasteel. Gartuuleen walabummaa fi siyaasa gara bitaa gaggeessan dubartoonni kun “dhibbaa olaantummaa dhiirotaan miidhamtootadha” jechuun yaadannoon isaanii kabajamee dandileen maqaa isaaniin akka moggaafaman barbaanna jedhu. Awurooppaa keessatti namootni kumaatamaan lakkaa’aman harka caalaan dubartoonni himata toshaan ajjeefamaniiru. Murteen kun kan dhufe sochii Iskootilaand, Siwiizarlaand fi Noorwaay keessatti taasisamaa ture hordofuuni. “Kana dura toshituu nuun jedhani, ammammoo ‘femenazis’ ykn maraatuu ykn saal-qunnamtii dhabdeeti nuun jedhu. Kana dura adamsa toshituu gaggeessani, ammammoo wanta femicides (ajjeechaa dubartoota irratti xiyyeeffate) nurratti gaggeessu,” jechuun itti aantuun bulchaa paartii hogganaa naannichaa ERC, Jeen Diyaaz, dubbachuu ishee AFP gabaaseera.
Kana dura adamsa toshituu gaggeessani, ammammoo wanta femicides (ajjeechaa dubartoota irratti xiyyeeffate) nurratti gaggeessu,” jechuun itti aantuun bulchaa paartii hogganaa naannichaa ERC, Jeen Diyaaz, dubbachuu ishee AFP gabaaseera.
Tasfaayee Gabra’aab ‘Mootii Shaambuu’ jechuun kan leellise weellisaa Gabbisaa Mul’ataa eenyu? Barreessaa Tasfaayee Gabra’aab kan dhiheenya kana du’aan boqote, kitaabasaa ‘Ye siddatanyaawu Maastaawashaa’ jedhu keessatti, fuula 181-187 irratti waa’ee weellisaa qaroo- dhabeessa Gabbisaa Mul’ataa jedhamuu, kan godina Horro Guduruu Wallaggaa magaalaa Shaambuutti argee dubbisee barreesse ture. Tasfaayeen keewwatasaa mata duree ‘Ye Shaambuu Nigus’ jedhuun katabe jalatti, weellisaa kana ‘mootii Shaambuu gonfoo mataarra hin keewwanne’ jechuun isaan ibsa. Yeroo Itoophiyaa keessa turetti Shaambuu hojiif deemuun achitti isaan arge. ‘’Farda irra taa’u. Luugama farda isaanii nama ga’essa wayiitu qabatee deema. Kophee funyaansaa rog-sadee fakkaatu diratu. Diimaadha. Rifeensi jirbiisaanii fakkaata. Kobbortaa isaanii kiisii gurguddaa afur qaburratti, kutaa uffatanii osoo deemanuu daandii magaalaa Shaambuurratti arge,‘’ jedha barreefamni Tasfaayee. Weellisaan qaroo-dhabeessi kun sirnoota darban sadii mormaa akka bahaniifi sababa kanaanis bara Dargii keessa akka hidhaman kitaabicha keessatti eerameera. Ilmisaanii, barsiisaa Gaaddisaa Gabbisaa, abbaan isaa hamma gaafa lubbuun waggaa torba dura darbutti, ’’cunqursaa Oromoorra gahu mara didaa fi mormaa jiraatanillee mana hidhaa garuu galanii hin beekan,’’ jechuun BBC'tti himeera. Tahus waa’ee mana hidhaa Shaambuu miseensonni Waraana Adda Bilisummaa Oromoo fi isaaniif michoota namoonni tahan itti hidhamanii turaniif inni isaan weellisan garuu sirruma jedhe: '...Waaqni silaa hin dulloomu inni utubaan hoomii inni saanqaan baddeessaa Silaa daanyaan naa hin hiiku qaxaroo fageessa. Alaan zabiitu na eega qawwee gombifatee Keessaan tafkiitu na eega mangaagaa jallifatee...'' Gaaddisaan abbaansaa weellisaa Gabbisaan, ‘’seenaan isaanii kitaabarratti akka bahe osoo hin beekiin lubbuun darbe.
Aniyyuu ergasii namni biyya alaarraa naa ergee dubbisee baayyee na gammachiise. Nan nahesi. Sadarkaa kitaabarra bahutti beekamu jedhee hin yaaduun ture,’’ jedha. Akkuma kitaabicharratti jedhuutti, mana daadhii ‘Xuruu Dabalaa’ jedhamutti yeroo haasa’an af-gaaffiidhaaf akka ta'ellee hin barre ture,’’ jedha. Kitaaba sanarratti Obbo Gabbisaan, ’’gaazexeessitootatti haasa’u hin jaallu, weelluu koo garuu waraabuu dandeessa,’’ jechuun Tasfaayeetti himuun isaanii kaa’ameera. Obbo Gaaddisaan, ‘’...hamman kitaabicha argee dubbisutti hin amanneen ture,’’ jedha. Weellisaa abbaa sagalee furdaa jechuun kan isaan ibsu Tasfaayeen yeroo isaan dubbisee nama ganna 70 turan. ‘’Namni Mootii Shaambuu isiniin jedha,’’ isin maal jettu jechuun gaafateenii ture. Isaanis kolfa dheeraa erga kolfaniin booda, ‘’Oromoon mootii hin qabu, sirna Gadaan bula,’’ naan jedhan jedha Tasfaayeen. Obbo Gabbisaan sirna Gadaa Horro Guduruu Wallaaggaatti yeroo dheeraaf hin geggeeffamiin ture, ALI bara 1995 akka iddootti deebi’u godhaniiru jedha ilmi isaanii. Namni Shaambuu fi naannaashee Obbo Gabbisaa waan jaalataniif farda isaanis akkuma isaaniitti kabaju ture jedha ilimsaanii Obbo Gaaddisaan. ‘’Baadiyyaa yeroo deeman toora isaan deemanirra ni beeka, iddoo gaafa tokko bule bira immoo hin darbu. Michoonni isaanii isaaniin keessummeessanii bulchan fardasaas waan sooraniif fardi ni beeka,’’ jedha. Obbo Gabbisaan magaalarra baadiyyaa deemuun yeroo isaanii achitti dabarsuu jaalatu kan jedhu ilmisaanii, ‘’yeroo deeman nama isaan qajeelchu waliin haa deemaniyyuu malee, baadiyyaa irraa wayita deebi’an namni isaan hin barbaachisu. Fardi isaanii hamma manaatti kallattii dhumaan isaan fidee dhufa,’’ jedha. Mootummoonni darban hunda Oromoo cunqursaniiru jechuun waan mormaniif ‘’mana hidhaa galuu baatanillee yeroo garaagaraatti yaaliin ajjeechaa irratti taasifameera,’’ jedha Obbo Gaaddisaan.
‘’Yeroo tokko karaa Kistaana jedhamurra gara baadiyyaa osoo deemanu farda isaanii konkolaataadhaan dhahuu yaalanirree, fardarraa kufuun miidhamanii irraa hafan,’’ jedha. Bulchitoonni naannichaa yeroos gochaa kana irratti raawwachuu yaalan ammallee lubbuudhaan jiru jechuun himu. Obbo Gabbisaan fardeen garagaraa baayyee fayyadamanillee inni waggaa kudhanii ol isaan tajaajile fardi Daalee jedhamudha. Erga isaan lubbuudhaan darbanii boodas osoo hin turiin du’e jedha Obbo Gaaddisaan. Kitaabni Tasfaayee Gabra'aab Obbo Gabbisaan sagalee uummata Shaambuu akka tahan dubbata. ALI Bara 1986 guyyaan hundeeffama Dh.D.U.O Bitootessa 17 yeroo kabajamu, Obbo Gabbisaan sirna kanarratti akka weellisan affeeraman. Uummanni Shaambuu galma keessa tures hamma isaan maasinqoo isaanii waliin as bahanitti hin afanne ture. Qondaalli mootummaa sirna sanarra tures akkas isaan waan barbaadan weellisan eeyyame. Obbo Gabbisaan weelluu ‘’garaa uummata Shaambuu ciibse lama weellisan,’’ jedha kitaabichi. ‘’…Yaa muraa maqasii Hin taane yaa Mallasii Deebite roorroon barasii…’’ Weellisaan kun wal-tajjii kabaja hundeeffama DH.D.U.O sanarratti ‘’waa’ee ABO’’ sirbuu isaaniitiin qondaala dhaabichaa waliin wal-dhabuu kitaaba ‘Ye Sidatanyaawu Maastaawashaa’ kanarratti katabameera. Barreeffamni kun walaloo weelluu Obbo Gabbisaa qondaala wajjin wal isaan dhabsiistes akkasiin kaa’a: ‘’…Shuraa shurshuraa kiyya Ya shuraa xinnumaaf gabaabbatte na duraa Shuraa koo shurshuraa koo WBO koo hunkuraa koo...’’ Weellisaa Gabbisaan ’’Oromummaa isaanii irratti ejjennoon isaanii tokkoofi tokko. Qabsoon Oromoo fiixaan bahee arguuf hawaa turan hin milkoofne malee,’’ jedha ilmisaanii. Obbo Gaaddisaa ilma arfaffaa Obbo Gabbisaa yoo tahan, abbaan isaanii ‘’hamma dhukkubsatanii afaan isaanii dubbachuu dhaabutti seenaa keenya akka beeknu baayyee nu akeekkachiisu ture,’’ jedha.
Obbo Gaaddisaa ilma arfaffaa Obbo Gabbisaa yoo tahan, abbaan isaanii ‘’hamma dhukkubsatanii afaan isaanii dubbachuu dhaabutti seenaa keenya akka beeknu baayyee nu akeekkachiisu ture,’’ jedha. Weelluuwwan Obbo Gabbisaa waraabanii kaa’uuf dhaabbata tokko wajjin yaaliin taasifamaa turus, garuu gidduutti addaan citeera jechuun waan waraabamee of harkaa kan qabu akka hin jirre dubbateera.
Faayaa fi uffannaan aadaa dubartoota Oromoo waa'ee eenyummaa isaanii maal hima? Aadaa hedduu keessatti uffati, faayii fi meeshaleen miidhaginaa hedduun eenyumma agarsiisu. Yunivarsitii Kaaliforniiyatti Piroofesara Artii fi Seenaa kan taate Perii Kileem, dhiyeenya qorannoo gaggeessite irratti hundaa’uun mataduree “Dressing Modern Like Our Mothers: Dress, Indentity and Cultural Praxis in Oromia” jedhuun kitaaba maxxansiisteetti. Piroofeesar Perii Kileem, bara 1998’tti sagantaa qorannoo gabaabaaf jecha yeroo jalqabaaf gara Itoophiyaatti imalte. Turtii ishee kanaan akkaataan uffannaa shamarran Oromoo akka ishee hawwate himti. Uffata, faaya, tumaa, callee fi wantoonni isaan ittiin of miidhagsan addatti qalbii ishee akka hawwate dubbatti. Biyyoota hiyyeeyyi jedhaman keessaa tokko kan taate Itoophiyaa keessatti, of miidhagsuuf yeroo fi humna baasuun isaani waan ishee ajaa’ibsiiseef, yeroo sanatti akka barattuu PhD’tti xiyyeeffannoo qorannoo ishee godhachuuf murteessite. Dubartoonni akkaataa uffannaa isaaniin, akkaataa of kuulaniin odeeffannoo akka kennaniin hubadhe jetti. “Uffannaa dubartii Oromoo tokkoo ilaaltee, umuriishee, yoo herumteetti ta’e, ijoollee qabdi yoo ta’e, ilaalcha siyaasaa ishee, amantaa ishee fi qabeenyasheellee adda baasuu dandeessa,” jetti. Qorannoon ishee kan xiyyeeffate yeroo jaarraa 19ffaa irraa hanga ammaatti jidduu jiru irratti ta'uu himti. Harargee Bahaa keessa gara waggaa tokkoof turuun gaaffii fi deebii shamarran Oromoo waliin gaggeessuun qorannoo ishee eegalte. Boodarras shamarran Oromoo Walloo fi darbeeyyuu kanneen diyaasporaa keessa jiran, irrattis qorannoo taasifteetti. Qorannoo kanaan “akkam dubartoonni Oromiyaa ala ta’anis, eenyummaa Oromummaa isaanii qabatanii turan,” hubachuu ishee BBC’tti himte.
Faashiniin wanta yeroodhaa yerootti geeddaramu fi kan wanta yeroo tokkotti beekamaa ta’e hordofee deebi’ee badudha, kan jettu Piroofessar Periin, shamarran Oromoo biratti wanti agarte garuu faashinii yeroo tokkotti beekamu fudhatani akka aadaa isaaniin wal simsiisanidha. Fakkeenyaafis jetti, “bara 2000’n jalqabaa keessa haalluu qeensaa fayyadamuun beekamaa yemmuu dhufe, shamarran Harargee, Afran Qalloo, haalluu kana qeensa isaanii irratti osoo hin taane fuula isaanii irratti fayyadamu eegalani,” jetti. Kunis ammoo sababa akka seenaatti naannichatti bara durii gosi tumaa adda addaa fuula isaanii irratti ni taasifama ture, garuu erga seerri Shariyaa dhufe booda tumaa tumachuun waan dhorkameef shamarran halluu fayyadamuu akka jalqaban ibsiti. Halluun kun ammoo isa halluu qeensaaf oomishame irraa dhufe jetti. Kun faashinii ammayyaa irraa kan fudhatame ta’us, mallattoo akkanaa fuularra kaawwachuun garuu aadaa ture keessa kan jiru akka ta’e himti. Dubartiin tokko akkaataa fi halluun isheen fuula ishee irratti kaafattu, kan dubartii biraan wal hin fakkaatu jetti piroofessarri kun. Akkuma tumaa duriitti halluu kana fayyadamuun akka isaan of miidhagsan ibsiti. Yeroo sanatti dubartooti harkii caalaan isaanii galii gadi aanaa qabaatanis, halluu kana miidhaginaaf fayyadamuuf bitachuu irraa akka isaan hin dhorkine hubatteetti. Ta’us garuu qorannoo isheen akka argitetti halluu kanaaf gatii baasuun isaanii miidhagina barbaadu qofaaf miti. Sababi inni duraa shamarran halluu kana fayyadaman qarree hin heerumne yoo ta’an, qalbii hawwachuufidha jetti. Inni biraan garuu halluu akkanaa – akka duriitti ammoo tumaa- of irra kaawwachuun ija hamaa irraa nu eega amantaan jedhu waan jiruuf akka ta’e himteetti. Kanaaf halluu kana caalatti of miidhagsuuf qofa otoo hin taanee, akka amantaa isaanitti hamaa irraa of eegufis jechadha jetti.
Qorannoo isheen ga’ee fi ilaalcha dubartoota sirna gadaa, amantaa fi caasaalee adda addaa keeessatti jiru ilaaluun kitaaba kana akka barreessite Piroofesar Kileem ni himti. Seenaa keessatti siyaasi karaa adda addaan yeroo geggeedaramaa deemetti, shamarrran uffannaa isaanii fi akkataa ittiin aadaa isaanii dabarsaniin sagalee isaanii dhageessisaa turaniiru jetti. Maanguddoota aadda addaa waliin gaaffii fi deebii taasisteen, akkaataa itti harmooliin isaanii bara durii keessatti of miidhagsan, uffanaa fi faayaa aadaa fayyadamaaa turanis hubachuu danda’uu ishee himteetti. Piroofesar kitaaba ishee keessatti: “musliimaa, Kiristaana, Waaqaffataa, loon horsiisaa ykn qonnaan bulaa ta’anis, Oromiyaa guututti Oromoonni Oromummaa isaanii mul’isuuf uffata isaanii ni fayyadamu,” jechuun ibsiteetti. Aadaan miidhaginaa fi uffataa Oromoo, wanta kabaja ykn ayyana tokkoof ykn sagantaa addaa tokko qofaaf tajaajilu miti. Umurii adda baasuuf, heerumuu ykn qarree ta’uu mul’isuuf, mallattoowaan amantaa fi sadarkaa hawaasaa adda addaa agarsiisuuf kan fayyadudha. Sabboonummaa fi eenyummaa ofii baruu dhalootaa haaraa waliin wal qabatees Oromummaa ofii ibsuuf malli itti fayyadamamu tokko uffannaa aadaadha. Guyya guyyaatti miccirraa kaawwachuu haa ta’u ykn sagantaalee adda addaa irratti uffata aadaa uffachuun dhaloota ammaa biratti akka Oromummaa simachuutti ilaalamuu mala. Aadaa Oromoo keessatti uffatii, faaya fi maloota miidhaginaa adda addaa fayyadamuun bakka guddaa qabaatanis, sababoota siyaasaa fi amantaan yeroodha yerootti kanneen haqamanii fi dagataman jiru. Dhalootni amma ammo aadaa kana deebisuuf faashinii ammayyaa waliin wal simsiisuun utuu mallattoo fi eenyummaa isaa hin balleessiin itti fayyadamamaa fi kunuunsaa jira.
Dhalootni amma ammo aadaa kana deebisuuf faashinii ammayyaa waliin wal simsiisuun utuu mallattoo fi eenyummaa isaa hin balleessiin itti fayyadamamaa fi kunuunsaa jira.
Aartii Oromoo: 'Artistoota keenya hangafaa keessaan Abuubakar Muusaa agarra'-Mohammad Ahmad Artistoota gameeyyii aartii Oromoof ka'umsa ta'an kanneen Baha Oromiyaatti biqilan keessaa Abuubakar Muusaa Wadaay tokko. Baha Oromiyaa Harargee Ona Oborraa, Araddaa Dadar Ganda Leelee Gabaa jedhamutti kan dhalate Abuubakar, umurii gabaabduu addunyaarra ture keessatti artistoota Oromoo hedduuf bu'uura kaa'ee darbeera jedhu namoonni isa beekan. Raadiyoo Harar sagantaa Afaan Oromoo keessa waliin hojjetaa akka turanii fi mana Abuubakar Muusaatti akka guddatan kan himan Obbo Mohammad Ahmad/Mohammad Qophee, Abuubakar bu'uura aartii Oromooti jechuun ibsan. Abuubakar akkuma of bareen guddina aadaa, seenaa, afaan fi aartii keessatti hirmaachuu eegale, hawwisoo Afran Qalloo bu'eerssee erga sadarkaa jabaarraan ga'ee mootummaan irratti cufe. Booda gara Raadiyoo Harar seenuun hojii hawaasi akkaan jaal'atu hojjetaa osoo jiruu mootummaa dargiin ajjeefame. Seenaa Abuubakar Muusaa dhalootarraa hanga gaafa lubbuun darbuutti waan jiru irratti Obbo Mohammad Ahmad waliin turtii taasifneerra. Obbo Mohammad Ahmad/Qophee Abuubakar Muusaa ijoollummaarraa qabee akka isaan guddise himan, gara ogummaa aartiitti kan isaan fides isa ta'uu ragaa ba'an. Raadiyoo Harar akka seenanii fi dandeettii ogummaa gaazexeessummaa akka gabbifataniif akka isaan gargaares himan. Bakki dhaloota Abuubakar Baha Oromiyaa Konyaa Oborraa, Ona Dadar baadiyyaa Leelee Gabaa jedhamtutti Abbaasaa Obbo Muusaa Wadaay fi haadha isaa Aadde Faaxumaa Haji Alii irraa bara 1942tti dhalate. Bara 1959 umriinsaa waggaa 17 wayita ga'u magaalaa Dirree Dhawaatti galee barnootasaas achitti itti fufe kan jedhan Obbo Mohammad, Dirree Dhawaatti galuunsaa akka carraa guddaa baneef himan. ''Ijoollummaarraa Dirree Dhawaatti waan barateef, kun afaan adda addaa akka baruuf carraa baneef.
Afaan Orommoo irratti dabalataan Afaan Somaalee, Afaan Hararii, Afaan Arabaa, Afaan Amaaraa…afaanota naannawa sanatti dubbataman hunduma beeka,'' jedhan. Dandeettii Afaanii qabu kanatti fayyadamuun hojii aartii Oromoo guddisuutti ciche kan jedhan Obbo Mohammad, ''Barruu biyyoota Arabaa baayyee dubbisa, barruun al-Haram Kaayirootti barreeffamu guyyuu karaa Jibuutii dhufaaf,'' jechuun akkaataa inni ijoollummaasaarraa eegalee dandeettiisaa guddifachaa ture ibsu. ''Kitaabileen afaan Arabaan barreeffaman hedduun isa bira ciisu. Kitaabilee komedii/qoosaa fi diraamaa, kan saayinsii fi hog-barruu mara harkaa qaba.'' Yeroosaa baay'inaan hojii isaa fi kitaabota dubbisuurratti dabarsa kan jedhan Obbo Mohammad, akkasuma maatii isaafis yeroo qabaaf, ni kabajaan jedhan. ''Haadha manaa lama fuudhee ijoollees godhateera, anis akkuma ijoolleesaattin manasaa ture. Yeroo hunda dandeettiisa fooyyessuuf nama tattaafatuudha, yeroo boqonnaasaattimmoo akkaan nama bohaarsa.'' Obbo Mohammad akka jedhanitti Abuubakar Muusaa umriisaa wagga 33tti addunyaa kanarraa du'aan boqote. ''Umuriisaa gabaabduu kana keessatti hojii dila kana kan dalage osoo jiraatee silaa waan raajii akka hojjetu tilmaamuun nama hin dhibu,'' jechuun gumaachasaa leellisan. Abuubakar Muusaa Wadaay akka abbaatti isaan guddisuu kan himan Obbo Mohammad, ''Dandeettiin walaloo fi taphoota garaagaraa irratti qabu erga hubatee booda ofitti na qabee na barsiise,'' jedhu. Manasaatti na galchee na barsiisee na guddisee hojiitti na galche, kanaaf abbaa kiyya. Yeroon isaan walargu jaarmiyaan isaan hundeessan Afran Qalloon akka diigamee jiruu fi, Abuubakar Raadiyoo Harar sagantaa Afaan Oromootti gaazexeessaa ta'ee hojjetaa waan tureef achi keessa waliin hojjechaa turre jedhan.
Abuubakar Muusaa bara1959 Dirree Dhawaa seenee, bara 1962 ALii Shabboo, Usmaa'il Muummad fi gameeyyii aartii Oromoo kaan waliin ta'uun Hawwisoo Urjii Bakkalchaa magaalaa Dirree Dhawaa keessatti hundeessan. Abuubakar Baandii Urjii Bakkalchaa hundeessuuf yaada burqisiisuudhaan nama hangafa jedhan Obbo Mohammad. ''Yaada burqisiisuun waahillan isaa yeroo sana turan irraa yaadota garaagaraa erga fudhatee booda waliin ta'uun waa'ee aadaa fi afaan Oromootti lubbuu horuu irratti qabsoo eegalan. Qabsoo aartiidhaan gaggeeffamturratti nama hangafaati.'' Baandii hundeessuu qofa osoo hin taane walaloo artistootaaf qopheessuudhaan, waltajjii beeksisuudhaan, baandichas hoogganuudhaan hojjechaa ture jedhu Obbo Mohammad. Abuubakar Muusaa nama dandeettii addaa qabuu fi hamma baratee ol nama beekuu fi hojjetuudha jedhan Obbo Mohammad. ''Uumamaanama dandeettii addaa qabuudha, barumsa isaa yoo ilaalte nama kutaa saddeet qofa barateedha. Garuu hojiinsaa kan barateen oli. Afaan Arabaa sirnaan waan beekuuf aartii fi barreeffamoota Afaan Arabaa sirriitti hordofee kan keenyas akkas akka guddatu hawwa, hawwuu qofa osoo hin taane ni hojjetas,'' jedhan. ''Sammuunsaa baayyee qara, barreeffamoota, qoosaawwan, fiilmii fi walleewwan biyyoota alaa akkaan hordofa.'' Abuubakar Muusaa nama sabasaa akkaan jaallatu, sabasaa waliin jiraate, nama yeroo sanatti qubee Afaan Oromoo barsiisuuf tattaafataa tureedha. ''Wayita Raadiyoo Hararitti qacaramuuf jedhu namoonni inni waliin dorgome kanneen digirii qabaniidha, namoota jajjaboo akka Abdii Mohammad Qophee fa'i. Garuu Abuubakar tokkoffaa ta'ee hangafi aartii, gameessi Oromoo Abdiin ammoo lammaffaa ba'e,'' dandeettisaa ibsan. Namni kun nama dandeettii qabu kan walaloo, muuziqaa, diraamaa, taphoota gaggabaaboo ammayyaa Oromoo yeroo jalqabaaf bu'uuressedha.
Nama taphataa dubbiinsaa yoggayyuu namatti mi'aawudha. Sheekkoowwan fi taphoota gaggabaaboo Afaan Oromoon mi'eessee nama dhaamsa dabarsu ture jedhan Obbo Mohammad Qophee. Taphoota inni waltajjiirratti dhiyeessuun ittiin beekamu keessaa tokko ''Caalaa caammaa, mucaan cimaan utuu hin mucucaanne cehee, cuncula coree miiccee cuunfee micciiree coqorsa caffee caamaa afu dhufee, isin cufti callisaa caqasaa,'' kan jedhudha. Walleewwan walaloo isaan qindaa'an caalaa dubbiin inni waltajjiirratti taasisu baayyee jaal'atama ture. Baandiin Abuubakara Muusaa jalqabarraa ka'ee hundeessee, guddisee akka jaal'atamu godhe kun aanga'oota Itoophiyaa bara sanaan hin jaal'atamne, inumaa yakka ta'e jedhu Obbo Mohammad. ''Baandiin kunis erga guddatee hundee jabeeffatee booda akka cufamu taasifame. Booda hidhamuutu dhufe, kaan hidhaa dheessuuf biyyaa ba'an. Hojii dhabuunis mudate, qormaata guddaatu mudate. Namni hunduu adda adda bittinnaa'e, innis rakkoo kana dheessee gara miidiyaatti seene.'' Abuubakar Muusaa Adoolessa 23, bara 1973 Raadiyoo Harar seene. Gara Raadiyoo Harar erga deemees hojiisaa ittuma fufe kan Obbo Mohammad, ''Raadiyoon kun hawaasa biratti baay'ee akka jaal'atamu namoota godhan keessaa inni hangafa,'' jedhan. Qophii torbanii kan ''Takka waliin haa kofallu'' jedhu jalatti sheekkoo, hibboo, mammaaksaa fi kaan miidhessee dhiyeessuun onnee dhaggeeffattootaa fudhate. ''Sagaleesaa kiilolee sanaan diraamaan inni qopheessu fi akkaataa inni itti sagantaawwan qindeessu hawaasi gara raadiyoo keenyaa akka deebi'u affeere,'' jedhan. Raadiyoon sababasaa jaal'atame kun kanuma mootummaati, mootummaan garuu kanuma biraa itti hin gammadu jedhu.
''Sagantaa inni hojjetu uummata akka muuziqaatti waraabbatee dhaggeeffata, yeroo sagantaa nuti galgala hojjenne waraabanii ganama nu dhageessisanfaa hedduudha.'' Aadaa, aartii fi afaan Oromoo akka cimuuf nama jiruusaa guutuu hojjeteedha kan jedhan Obbo Mohammad qabiyyeewwan walaloowwan isaa ulaagaa aartiin madaala guddaa kan kaasaniidha. ''Yeroo sanatti walaloowwan inni barreessaa ture ciigoo hedduu kan of keessaa qabu waan turaniif yeroo fi haala adda addaa keessatti hiika mataasaanii qabu. Haala Kanaan uummanni mirgasaaf akka falmatu akka qabsaa'uu onnachiisaa ture. Raadiyoo irratti qabiyyeewwanuma akkasii dabarsaa ture.'' Abuubakar Muusaa bara mootummaa Hayilasillaasees baayyee dararamaa ture, mootummaan dargii ammoo hojiidhuma inni guddina aadaa, afaan fi aartii Oromoo keessatti hojjetuuf dallanee lubbuusaa galaafate jedhan Obbo Mohammad. Abuubakar Muusaa bara 1977 sagantaa Raadiyoo Afaan Oromoo wayita xumuree ba'u hidhattoota Dargiin ajjeefame. ''Raadiyoon Harar sagantaan Afaan Oromoo sa'atii tokkorratti xumurama, Adoolessa 12, Abuubakar sagantaa xumuree wayita istuudiyoodhaa ba'u rasaasaan rukutanii ajjeesan,'' jedhan Obbo Mohammad. ''Ajjeechaa isaa dura guutummaa magaalattii keessaa ibsaa balleessanii turan, erga inni ajjeefamees reenfi isaa akka hin kaafamne godhan. Reenfa isaa halkan sana dukkanaan bineensi harkifatee nyaate.'' Namni Oromoof jireenyasaa kennee hojjechaa ture haala Kanaan galaafatame kan jedhan Obbo Mohammad ''Hojii isaa fi waan inni nuuf bu'uuresse wayita ilaallu garuu inni hin dune jechuu dandeenya,'' jedhan. Hojiin isaa barabaraan kan isa yaadachiisaniidha kan jedhan Obbo Mohammad ''Weellistoota keenya gameeyyii keessatti Abuubakar agarra,'' jedhan. Osoo Abuubakar yeroo sana jiraachuu baatee waleewwan babbareedoon hanga har'aa jaal'ataman hin jiran.
Osoo Abuubakar yeroo sana jiraachuu baatee waleewwan babbareedoon hanga har'aa jaal'ataman hin jiran. An akka dhuunfaa kiyyaatti osoo Abuubakar hin jiraanne ta'ee waanan har'a hojjedhu hojjechuu hin danda'u jedheen amana jedhan. ''Weellistoonni gameeyyiin akka Alii Birraa fi Alii Shabboo bu'aa Abuubakar Muusaati. Hojii babbareedduu kenneefii kan hojjechiisee har'aan ga'e isa, isaan keessatti isa agarra,'' jedhu Obbo Mohaammad Qophee. Abuubakar nama fakkeenya irraa fudhatee hojjete hin qabu. Urjii Bakkalchaa dura baandiin Oromoo hin turre. Kalaqa mataasaatiin baandii ammayyaa Oromoof hundeesse. Aartii ammayyaa'aa biyyoota alaa kanneen akka Sudaan, Araboota, faranjoota irraa qo'achuun keenyas kanaa gadi ta'uu hin qabu jedhee yaada kana maddisiise. Baandiin Urjii Bakkalchaa inni hundeesses battaluma tokkotti akkaan guddatee, baandiiwwan biyya kana keessa turan hunda caalaa fudhatama argate. Biyya kana keessatti baandiin/orkestiraan kan mootummaas ta'e kan dhuunfaa kan Afran Qalloo saba hedduu biratti jaal'atamu hin argine jechuun hojii Abuubakar dinqisiifatu Obbo Mohammad. Weellistoota akka Oromiyaatti qofa osoo hin taane akka guutuu biyyaatti walleensaanii jaal'ataman akka Alii Birraafaa horate, hojii baandichaa hunda duuba Abuubakar Muusaatu jira jedhan.
Fesivaaliin tokko aadaa kana deebisuuf yaadamee qophaa'eera.
Irreecha 2020: 'Irreechi Ayyaana itti galateeffataniifi dhiifamaati'- MM Abiy Ahimed Ministirri Muummee Itoophiyaa ergaa Ayyaana Irreechaa ilaalchisuun ergaa baga geessanii uummataaf yoo dabarsan Irreechi ayyaana itti galateeffataniifi kan dhiifamaati jedhan. Dr Abiy ergaa isaanii dheeraa fuula Feesbuukii isaanii irratti barreessaniin akkas jedhanii eegalan. ‘’Irreechi Ayyaana abdiifi galateeffannaati. Akkaataa aadaa Oromootti Irreechi kan kabajamu Waaqa rooba, nagaa, oomishaafi itti fufiinsa dhalootaa namaa kennu galateeffachuudhaafi,’’ jedhan. Dr Abiy waaqaaf galata dhiyeessuu ilaalchisee ‘’irreecharratti isa darbeef galanni ni dhihaata. Gara fuula duraaf abdiin itti horatama. Isaan kun lamaan akka nama dhuunfaattis ta’e akka biyyaatti duudhaalee barbaachisoodha,’’ jedhan. Ministirri Muummee barreffama baga geessanii kana keessatti waa’ee abdii qabaachuufi Irreechaa akkasiin ibsaniiru. ‘’Irreechi Ayyaana Abdiiti. Ilmoon namaa dandeettii waa yaadachuu qaba. Kanaafis kaleessa ni yaadata. Kaleessa keessa jiraachuun garuu hin danda’amu. Kaleessarraa baratanii gara fuulduraatti deemuun dirqama. Abdiin bakka hin jirretti bor hin jiru,’’ jedhaniiru. Itti dabaluun Dr Abiy ‘’Irreechi Ayyaana dhiifamaati. Kan wal-loleefi walitti dallane dhiifama waliif hin godhiin Ayyaana Irreechaa guddicha gara kabajuutti hin deemu. Irreechi madaawwan darban dhiifamaan wal’aanamanii kan itti fayyan, haalooniifi quuqqaan dhabamee araaraan kan itti bakka buufamu Ayyaana guddaadha,’’ jedhan. Ayyaanichi kan tokkummaa sabaafi sablammoota itti mul’atu tahuusaas dhaamaniiru. Akkasumas uummatni Itoophiyaa Birraatti bahaa waan jirruuf oomisha isaa waan miidhu irraa eeguun tokkummaan wal gargaaruun oomisha isaa sassabuu akka qabus dhaamaniiru MM Abiy Ahimed.
Akkasumas uummatni Itoophiyaa Birraatti bahaa waan jirruuf oomisha isaa waan miidhu irraa eeguun tokkummaan wal gargaaruun oomisha isaa sassabuu akka qabus dhaamaniiru MM Abiy Ahimed. Ayyaanni Irreechaa bor Fulbaana 23 ALI'tti Hora Finfinnee magaalaa Finfinneetti, Dilbata ammoo Hora Har-Sadiitti kabajama.
Booranni yeroo weerara Covid-19 Gumii Gaayoo eegale, Gumiin Gaayoo maali? Booranni yaa'ii Gumii Gaayoo kan waggaa saddeetitti si'a takka taa'amu, Wiixata Godina Booranaa Aanaa Dhaas ardaa jilaa Gaayootti taa'uu eegale. Yaa'iin kun gaafa ardaa qubatu Dullacha Gaayoo qalachuun eebbisee saganticha jalqabe. Akkuma kana duraa yaa'ii kanarratti keessummoonni Itoophiyaafi Keeniyaallaa dhufaniiru. Yaa'iin baranaa yeroo tatamsa'inni koronaavaayirasii addunyaarratti hammaatetti kan taasifamudha. Kanumaafu, kanneen yaa'ii kanarratti hirmaatan dhibee Covid-19 haala ofirraa eeggataniin taasifamaa akka jiru Abbaan Gadaa Booranaa BBC'tti himaniiru. "Haala yerootiin walqabatee dhibee baraa kanallee akka too'annoo godhan, alkoolii fi maaksii akka fayyadaman, namni gargaraa waan dhufeef jechuudha" jedhan. Nageenyi naannoollee akka eegamu dursinee marii goonee qophiin taasifame jedhan. Abbaan Gadaa Booranaa Kuraa Jaarsoo BBC'tti akka himanitti yaa'iin Gumii Gaayoo kuni Gadooma tokko keessatti si'a tokko taa'ama. "Gumiin Gaayoo taa'udhaaf har'a gaaddisa eebbifattee jirti. Gumiin kuni akka Gadaa Booranaatti gadaa tokko keessatti Ganna Afreessoo irratti taa'ama. Waggaa saddeetitti altokko taa'ama" jedhan. Gumiin Gaayoo akka caasaa seera baastuu sirna Gadaati. Seeronni ammaan dura lallabaman maal fakkaatu jedhanii xiinxalu, haaraas ni lallabu, kan sirrii hin taanellee keessaa hir'ifama jedhan Abbaa Gadaa Kuraa jaarsoo. Yaa'ii Gumii Godina Booranaa Aanaa Dhaas Ardaa Gaayootti taa'amuu eegale kanarratti nama hundatu hirmaachuu danda'as jedhan. "Yaa'iin kuni torbee lamaaf tura. Marii gurguddootu godhama. Waan mariidhaan murtaa'etu dhumarratti seera ta'ee lallabama" jedhan.
Waan mariidhaan murtaa'etu dhumarratti seera ta'ee lallabama" jedhan. Hanga yaa'iin Gumii Gaayoo kuni xumuramutti Abbaan Gadaas ta'ee caasaan Gadaa hundi Ardaa kana adeemuu akka hin dandeenyes himu. Yaa'ii Torbee lamaa kanaan duubatti Gadaan Booranaa seerota Waggaa saddeet dura lallabaman kaan fooyyessuu fi haaraanillee itti dabalee lallaba jedhameetu eegama. Sagantaa Gumii Gaayoo kan ilaaleenis guyyoota shanan jalqabaa Marii miilootu taa'ama. Guyyaa 6ffaa hanga Guyyaa 10ffaatti Gaaddisa Gosaa, guyyoota dhumaa arfan ammoo Gaaddisni Gumii waliigalaa akka tolfamus Abbaa Gadaa Kuraa Jaarsoo Kuraa himan.
Aadaa Oromoo: Gatiin gabbaraa dabaluun gaa'ilarratti dhiibbaa akkamii qabaata? Gosa Oromoo Sikkoo Mandoo biratti gabbarri yeroo dhiirri tokko dubartii fuudhuuf jedhutti warra intalaatiif kennaa maallaqaa fi uffataan kennamuudha. Gabbarri duraan hariiroo fi kabaja warra soddaa sanaaf qaban agarsiisuuf jecha kennaa kennuudhaan eegalamus, yeroo ammaa kanatti gatiin gabbaraa kuni hanga birrii kuma 50 fi isaa ol akkasumas hawusaa (uffata qorraa) 10 fi isaa ol kennuurra gaheera jedhu miseensoonni hawaasa kanaa. Jiraataa magaala Asallaa kan ta'e qeerroo Abdii Huseen, gabbarri warra intalaatiif kaffalamu kun miidhaa isaatu caalaa dhufeera jedha. "Yeroo ammaa gabbarri humnaa ol ta'aa waan jiruuf namni nama jaalate fuudhuuf ni rakkata. Kennaan gabbaraa kunis dorgommii ta'aa waan dhufeef baasii humnaa olii ta'aa jira. Hamma liqeeffatanii liqiidhaan fuudhaniitti nama geessisa" jedha. Keessumaa gatiin gabbaraa waalta'aa ta'uu dhabuun isaa dhiibbaa guddaa fidaa jiraachuus eera. "Namni hammuma qabu gabbara osoo ta'ee gaariidha. Amma wanti jiru 'ebelu birrii kuma 50, kuma 100 gabbare, tiyyas intalli kan ebeluutiin gadi miti' jechuudhaan humnaa ol nama gaafatu," jedha. Akka Abdiin jedhutti, gabbarri kuni bultii ijaaruudhaaf warra dhiiraa irratti qofa dhiibbaa kan uumu waan ta'eef jaalala gaa'ila booda qabaatanirrattillee dhiibbaa qabaachuu mala jedha. "Mucaan gabbaratti waan qabu yoo fixate gaafa walfuudhan waan ittiin jiraatan dhaban, jaalalli isaanii ni rakkoo keessa gala. Mucichi intala kana akka waan biteetti yaaduu eegala. 'Birrii hammanaa baasetan sibite' jechuutti waan cehuuf jaalalli isaanii rakkoo keessa gala" jedha. Naannoo isaaniitti namoonni dureeyyii ta'anii fi kanneen biyya alaatii dhufan gabbara dubartii olkaasanii waan kennaniif gatiin gabbaraas dabalaa deemuus eera.
Bara 2009 gabbaraan heerumuu kan himtu Aadde Siifan Furoo, yeroo sana abbaan warraa ishee ammaa kun waan gabbare akkasiin himu. "Yeroo sana abbaan warraa kiyya kuni maatii kiyyaaf uffata qorraa (birdilibsii) 10, fi birrii kuma 50 kennuun na fuudhuuf gabbare. Maatiin ishee ammoo gatii gabbara kanaa deebisuuf misirroota mana bahan kanaaf meeshaalee manaa fi loon 20 kennuus ni yaadatu Aaddee Siifan. Kana ta'ees garuu gabbarri miidhaa qabaachuu isaatan hubadhe jetti Aadde Siifan. "Gabbarrii miidhaa qaba. Miidhaan isaatis, qarshii kana hunda kennuu hin qabnu ture. Birriin suni silaa amma waan baayyeef nuuf taha ture. Gabaabumatti gabbarri faayidaa hin qabun jedha" jette. Abbaan Gadaa Godina Arsii Haaji Hasoo Guddatoo ammoo gabbarri barsiifata aad-maleedha malee waan aadaa miti jedhu. "Namni barsiifata godhateetuma birrii fi uffata wal bichisiisanii, intala heeruma dhoowwanii aad-malee kanaan walmiidhaa jiru," jedhu. Akka Gadaa godinichaatti, gatiin gabbaraa olka'uu akka hin qabneefi hafuullee akka qabutti tumaa tumanis garuu hojiirra akka hin oolle jedhan. "Cidha yoo godhan abbaa fi haadhatti haa uwwisu, intalattis uffata gahaa haa uwwisu. Kanumaan yaa heerumsiisan malee akka gabbara hin nyaanne, gabbarri aad-maleedha. Hafuu qaba. Aadaa teenyatti haa deebinu jennee murree turre. Hojjiirra nuuf hin oolle malee murteessinee lafa jira" jedhan.Gatiin gabbaraa olka'uun namni humna hin qabne bultii akka hin ijaarranne dhiibbaa waan fidaa jiruuf, buttaan deebi'ee akka babal'atu gochaa jiraachuus eeran. "Kan ijoollee buttaatti darbu, kan ijoolleen durbaas 'fedha kiyya' jettee akka jala kaattee wajjin galtu godhu gabbaruma kana.
Ijoolluma gabbara jalaa olfageessanii rakkisan kanatu gara yakkaatitti seenaa jira. Buttaanimmoo seera hundaanuu dhorkamaadha," jedhan.Kanaafuu gabbarri hafee, ijoolleen akka aadaa duriitti nagaan walfuudhuu akka qabu jedhan Abbaa Gadaa Haaji Hasoo Guddatoo. Sababa gabbara kaffaluu sodaaf buttaan babal'achaa jirus gocha yakkaa ta'uunsaa hubatamee dhaabbachuu qaba jedhan. Bakka hedduutti, maatiin intalaa erga gabbara fudhataniin booda ijoollee walfuudhaniif meeshaa manaa fi kennaawwan biraa kan kennan jiraatanis, kanneen gabbara fudhatanii harkuma duwwaa intala heerumsiisanis akka jiran himu. "Nama tokko tokkotu meeshaafaa bitee kennaaf malee kaan irrumaa quncisee fudhateetuma gadhiisa. Homaa hin godhaniif. Boodas ijoollee walfuudhaniif homaa bu'aa buusu hin qabu" jedhan. Ittigaafatamtuu Waajjira Aadaa fi Turizimii Godina Arsii kan tahan Aadde Zamzam Kadir, gabbarri olka'ee ijoolleen gara buttaa akka yaadan gochuun dhugaadha jedhanilleen, gabbarri hariiroo hawaasummaa cimsuuf garuu faayidaa inuma qabaata jedhu. "Qorattoonni seenaa gabbarri akka aadaa waliin hidhata hin qabne ni kaasu. Garuu soddaan kennaa walii kennuun kabajaa fi waljaalala cimsuuf gahee qaba. Keessumaa Arsii biratti kennaa warra mucaa sanaaf bakka guddaatu kennamaafi. Dura akkuma kennaatti ilaalamaa ture, garuu amma gatiin isaa baayyee olka'eera" jedhan. Maallaqni kaffalamu dabaluusaatiin 'Gabbarri akka sababa ka'umsa buttaa' ta'aa dhufuus himu. Gadaan Arsii gabbarri akka hafuuf tumaa tumuu quba qabaachuu himanis, hamma uummanni jaalalaan kennaa walii kennetti dirqiidhaan yaa hafu jechuu hin qabnu jedhu. "Gabbarri fedhii fi jaalalaan kennama malee seerri irratti bahee dirqama hammana kaffaluu qabda kan jedhu hin jiru.
"Gabbarri fedhii fi jaalalaan kennama malee seerri irratti bahee dirqama hammana kaffaluu qabda kan jedhu hin jiru. Warruma tumaa tumetu deebi'ee gabbara kana gabbarsiisaa jira waan ta'eef, gama abbootii Gadaatiin tumaa walirratti tumuun jijjiirama fiduun ni ulfaata," jedhu. Furmaanni waaraan garuu uumanni waliigalee kan qabuu fi kan hin qabneefis akka ta'utti waan mana dhiiraatii gabbaraaf bahu kana akka jiruu isaanii itti utubataniif mariidhaan murteeffachuu wayya jedhan.
Ayyaanni Cuuphaa Finfinnee dabalatee kutaalee biyyattii garagaraatti waggaa waggaan haala ho'aa taheen kabajama.
Wadaajii - durii fi har'a Wadaajiin aadaa dargaggoonniifi shamarreen dhungoodhaan jaalala ittiin agarsiifatan, kan ittiin wal kaadhimattanille.
Muraasa suuraan isin daawwachiisna.
"Qaammee sirbuu deemeen sareen na ciniinte" - Artiist Hawwii Tazarraa Baandii dubartoota qofaa qabu, badhaasa Siinqee, ayyaana Qaammee fi dhimmoota biroo irratti Artiist Hawwii Tazarraa BBC Afaan Oromoo waliin haasifteetti.
Intala dubraa Karrayyuu maddoodhaan beekan.
Konfaransii guyyoota sadiif turu kanarratti hayyoonni biyya keessaafi biyya alaa akkasumaas kanneen dhimma Oromoo irratti qorannoo jabaa gaggeessan kan akka Piroofesar Asmiroom Laggasaa dabalatee, kanneen dhimma Oromoo irratti qoratan akka hirmaatan ibsa kanarratti eerame.
Marsabit, Keenyaa: Imala koo jalqabaa Kaaba Keenyaarraa waanin arge Magaalaa guddoo Keenyaa Naayiroobiirraa ka'uu keenyaan dura odeeffannoo muraasa walitti qabneen, Kaawuntiin Marsabiit akka garmalee ho'ituufi gammoojjii garmalee ta'uusaa odeeffanne. Kanumaaf akka nuu toluufis uffata haala qilleensaa gammoojjiif mijatu qopheeffannee imalaaf kaane. Magaalaa mudhiin lafaa keessa dabru- Naanyuukiitti laaqanaaf dhaabanne. Naanyuukii keessa haala magaalota kaaniirraa adda taheen lammiilee biyyoota biroo argine. Yeroo jalqabaaf konkolaataa bifa magariisaa lakkoofsa gabatee biyya Raashiyaa arginee ajaa'ibsiifanne. Achiin booda garuu konkolaattota biyya Ingiliiz lakkoofsaan xiqqoo hin jedhamne argine. Diinagdeen magaalaa tanaa irra guddeessi galii loltoota biyyoota garagaraa leenjiif achi dhufan irratti kan hundaa'edha. Laaqanaan booda magaalaa Isiyoolloo keessaan baanee gara galgalaa Magaalaa (Dira) Marsabiit geenye. Magaalaan kun akkuma nuti eegneen hagas mara ho'ituu fi teessuma lafa gammoojjii kan qabdu osoo hin tahin gaaraan kan marfamtedha. Achuma magaalaa sana keessaa otoo hin fagaatiin Paarkiin Biyyoolessaa Marsabit ni argama. Paarkiin kun haalaan magariisaa fi bineensota bosonaa kanneen akka gafarsaa, arba, harree diidoo fi kanneen biroon hedduun keessatti argamu. Paarkii kana keessattis haroon Sokortee Guddaa (Lake Paradise) fi Sokortee Xiqqoo jedhaman, kanneen bineensonni dhufanii bishaan itti dhugan jiru. Marsabit keessa paarkiin akkasiin haalaan bareedu ni jira jedhee guyyaa takkallee yaadee hin beeku. Deebi'ee dhufuun koos waan oolu miti. Otoon gara Marsabit hin dhaqin dura gosoonni Booranaa fi Gabraa afaaniifi jiruuf jireenyaan haalaan gargar akka tahanin yaada ture. Marsabit gahee kaniin arge garuu kanarraa adda.
Tarii jiraattonni achii salphumatti addaan baasuu danda'u malu, anaaf garuu kamtu gosa Booranaa, kamimmoo gosa Gabraa akka tahe addaan baasuun natti ulfaateera. Godaanaa fi Guyyoo: kamtu Boorana? Kamtu Gabra? Gabris, Boorannis afaanuma takka haasawa - garaagarummaan loqodaallee hin jirtu. Akkaataan uffanaa isaanii daran wal fakkaata, anaaf. Lachanuu irra caalaa horsiisee bultoota. Irra caalaatti ollaa itti qubatan haa qabaatan malee, walkeessa jiraatu. Booranni gosoota Sabboo fi Goona jedhaman lamaan kan gargar qoodamu yommuu tahu; Gabri ammoo gosoota shan: Algaannaa, Sharbanaa, Gar, Galboo, fi Oddolaa jedhamaniin qoodama. Hawaasni lamaan kunniin akkasiin heddumminaan walfakkaatanii, maaliif gosoota kaan caalaa walwaraanu? Gaaffii kiyyaafi kan waahila koo Yaadataa Birhaanuu ture. Namuu kan nuu deebisu 'Siyaasa'. Yeroo hedduu kaawuntiin Marsabit miidiyaalee biyyooleessaa irratti maqaan kan kahu waldhabdee, ajjeechaa fi oduuwwan kanneen kana fakkaataniin. Anis ta'e namooti na waliin turan sodaaf halkan buluu hin dandeenye. Bulchaan Ittaanaa Marsabit Abba Solomoon Guboo wayitan as Naayiroobiitti argee dubbiseetti, ''Wanni guddoon dhib (rakkoo) kanaan deemuutti jiru, siyaasadha,'' jedhu. Namni siyaasaa gama Gabraa fi Booranaan jiru cufti wal qabatee, akkanaan nagaa kana jaaran malee, nagaan hin dhuftu,'' jedhu Abba Solomon. Akka jiraataa dira Keenyaa guddoo Naayiroobiitti waanin arge, akkuma gara Kaaba biyyattiitti fagaachaa adeeman magaalonni kaaba biyyattii jiran misoomaan hagas mara miti. Akka lammii Itoophiyaa tokkootti saffisni intarneeta Itoophiyaa fi kan Keenyaa walbira qabnee yogguu madaallu - tasumaa wal hin argu. ALA bara 2018 biyyattii Baha Afriikaa - Keenyaa saffisa intarneetaan biyyoota Afriikaa keessaa sadarkaa 2ffaarra kaa'an.
Nutis warri dira Naayiroobii keessa teenyu kana mirkaneessuu dandeenya. Intarneetii saffisa olaanaa qabu addaan ciccituu tokko malee abuurra. Gara Kaaba biyyattiitti yogguu imalan garuu, kan isinii qunnamu waan addaatti. Gidduu magaalaa fi iddoo tokko tokko malee saffisni intarneetii kan mobaayilarraas tahe, kan WiFi hagas mara miti. Facebook Live irratti waa tamsaasuuf karoorri qabnullee otoo hin milkaa'in hafeera. Itoophiyaa keessa yeroo ammaa, yoo xiqqaate kiliippiin muuziqaa Afaan Oromoo torbanitti lamaafi isaa ol ni oomishama. Qulqullinni hojii viidiyoo fi muuziqaa guyyaadhaa guyyaatti fooyya'aa jira. Kana keessattis kilippoonni aadaa Booranaa agarsiisan ni dalagamu. Booranni gama Keenyaatiin jiru garuu kanaan waan milkaa'e hin fakkaatu. Kilippoota lakkoofsaan hedduu muraasa tahan, yoo hojjjetamanillee qulqullina kan hin qabnedha. Akka ilaalcha kootti guddinniifi qulqullinni muuziqaa Booranaas muuziqaalee biyyattii keessaa sadarkaa gadaanaarra kan argamudha. Har'allee artistii muuziqaa Booranaa, Keenyaa keessaa maqaa dhahi yoo naan jettan- Abdullaahi Jirmaa qofan beeka. Artistoonni Keenyaa keessaa fi Itoophiyaa keessaa walitti dhufuun muuxannoo osoo qooddatanii, aadaawwan babbareedoo warri gam kanaa qaban addunyaatti agarsiisuun ni danda'ama jedheen amana. 'Sirikaalli guddoo nu sappoortite'- kun maal jechuu akka tahe tilmaamuu dandeessuu? Sirikaalii jechuun afaan Siwaahiliitiin mootummaa jechuu yogguu tahu, sappoortite ka jedhu ammo jecha Afaan Ingiliizii support - deeggarsa jedhurraa ergifame. Kanaaf 'Mootummaan guddoo nu qarqaarte' jechuudha. Kana akka fakkeenyaattin fudhadhe malee jechoonni Afaanota Kiswaahiilii fi Ingiliizii heddumminaan Afaan Oromoo/Booranaa keessa makuun dubbatu. Akka koo Afaan Kiswaahilii hedduu hin beektan taanaan, Marsabit fi Mooyyaleetti rakkachuu dandeettu.
Akka koo Afaan Kiswaahilii hedduu hin beektan taanaan, Marsabit fi Mooyyaleetti rakkachuu dandeettu. Qubee qubeessuurrattis haala Oromiyaa keessatti akka odeessa kana dubbiftanitti otoo hin tahiin haala adda ta'een qubeessu. Laafaa fi jabaa, dheeraa fi gabaabaa, qubee dachaa fi seeronni qubeessuu biroo, seera barreeffamaa warra Booranaa kan Keenyaa keessa jiran bira hin baratamne. Gama aadaatiin waan kaawuntii kana keessatti na dinqe keessaa tokko haadholii, abbootii fi dargaggoonni gareen gurmaa'anii jiru. Haati Akuulee Didaa jedhaman garee Ardaa Gadamoojjiitti waan aadaa Booranaa agarsiisan kanneen hooggannu. Aadde Akuulee fi miseensonni garichaa biroon hawaasa Oromoo Itoophiyaa keessa jiruun walbaruu barbaadu. Keessattuu Irreecha Malkaa Harsadee Bishooftuutti irreeffatamu irratti hirmaachuu barbaadu. ''Yoo Rabbi jedhe, gaaf tokko akka gareetti achitti aadaa keenna agarsiisuu fi kan keessanis arguu feena,'' naan jedhan. Maamaa Akuleen kokkolfaa ''An keenya akkasiin agarte. Mee aadaa keessan keessaa tokko naa taphadhu,'' naan jedhan. Achii maal akka tahe tilmaamuu dandeessu. Eebbaan buufanna: Waaqi marraa-bisaan nuu sifeessinna. Horaa bulaa deebanaa, angafaa maandhaan bulaa!
Aadaa fi fayyaa: Waa'ee rigaa wantoota shanan baruu qabdan ''Rigaa naaf muri rigaa, naaf muri rigaa keetu na mararee Yoggaa naaf muruu baattee nin dhufa samii keessa bararee'' Rigaan aadaa, amantaa fi jiruufi jireenya guyyuu keessa dhimma itti bahama. Rigaa muranii kennuun jaalalas ni ibsa. Hawaasa keessatti gargar bahuu akka malee wayita ibsan ''Akka rigaa afaanii buutee walitti hin deebinu,'' jedhu. Gama kaaniin, hawaasa horsiisee bulaa keessatti rigaa fayyadamuun dheebuu bishaanii itti bahu. Wantoota shanan waahee rigaarratti qixeeffanne dubbisaa. Rigaan fayyaa ilkaanii fi afaanii eeguuf ni fayyada. Mukni uumamaan jiru qorichummaa waan qabuuf ilkaan keenya ququlleessuuf qofa osoo hin taane, fayyummaa afaan keenyaafilee ni gargaara. Inni lammaffaan ammoo jaalalle ittiin filachuuf gargaara. ''Rigaa abbaadhumti fedhe namaaf hin kennu. Namni hundi namarraa hin fudhatu. Hiriyaa lameen jaalallee waliif ta'antu waliif kenna. Rigaan jaalalaaf wayita kennamu akka waadaatti ilaalama. Rigaan wal harkaa fudhachuu jechuun jaalala walirraa fudhachuu jechuudha. Kan biraan ammoo jaallalleewwan lameen akka afaan isaan bushaa'ee wal hin jibbineef gargaara.'' Rigaan Gumii Me'ee Bokkoo irratti namoota hirmaatan baruuf kan fayyaduudha, kan yeroo ammaa 'attendance' jedhan. ''Gumii Me'ee Bokkoo torban tokko taa'ani. Paarlaamaa torban tokkoof erga taa'anii booda guyyaa saddeettaffaarratti baallii kennanii ba'an. Torban sana guutuu namni taa'u rigaa qara qabatee dhufa. Rigaa qabatee dhufe guyyaa guyyaadhaan bakka taa'e lafatti suuqee /dongoartee gala. Bakka guyyaa tokko teesse hanga dhumaatti namni biraa hin taa'u. Sumatu taa'a. Wayita gumiin xumurame seerri lallabamee irraa ba'ame gumii sana namni meeqa akka hirmaate rigaa lafatti suuqamee jiru lakkaawuun baru.
Nama torban guutuu hirmaates akkanaan baru.'' jedhan. Kunimmoo faayidaan isaa namni bakka tokkotti wayita walitti qabamu akka foolii afaan badaa hin qabaannee fi qaamni isaa si'ataa ta'ee akka turuuf fayyada jedhan. Namni tokko hirmaannaa inni sochii hawaasaa fi siyaasaa keessatti qabu karaa rigaa kanaan mul'isu jedhan Aab Iyyaasuun. Sirba dabalatee, mammaaksota, hiibboowwaniifi gosoota afoola Oromoo kanneen biroo keessatti waaheen rigaa irra deddeebiin ni ka'a. Kanneen keessaa muraasa: Ashaawwalakoo namni qilxuu yaabbataareeRigaa muratee bu'aaree.Ashaawwalakoo, namni kichuu jaalataaree.Jiraa gubatee du'aaree. **** Yaa gaaddisa baala ceekaa, Ejersan muree rigaa koo. Na laaffisa maalan beeka? Qabachaan bulee laphee koo! ****** Doktarri Kabajaa Aartisti Alii Birraa akkana jedhee sirba: ''Rigaa naaf muri rigaa , naaf muri rigaa keetu na mararee Yoggaa naaf muruu baattee nin dhufa samii keessa bararee'' Kanaaf dargaggeessi tokko karaa rigaatiin jaalala qabu shamarree jaal'atetti mul'isa jechuudha. Rigaan gabaabbatee qabatama. Yoo dheerate kan gumiiti jedhama. Kan abbaa otoo hin tahin kan ambaati jedhama. Kanaaf rigaan walitti dhufeenya hawaasaa mul'isuufis ni fayyada. Rigaadhaaf muki sadarkaa duraa irratti filatamu Agargaroo jedhama. Kaan ammoo Ittacha, Hadheessa kan fayyadamanis jiru. Hadheessa garuu warri gadaa keessa jiran hin fayyadaman. Dubbiitu nurraa hadhoofti jedhanii waan yaadaniif hin fayyadaman. Warri marsaa gadoomaa san keessa hin seenin garuu ni fayyadamu. Bara durii rigaan jiruu fi jireenya uummata keenyaan walqabata kan jedhan Aab Iyyaasuun amma garuu namni kan fayyadamuurra kan warshaatti hojjetame filataa jira jedhan. ''Warri baratee fi gara magaalaatti gale rigaa warshaatti hojjetame malee hin fayyadaman.
Akka waan kan warshaatti hojjetame bu'aa olaanaa qabuutti ilaalu. Garuu kan mukaa bu'a qabeessa ta'uusaa abbootiin keenya beekumsa nuuf dabarsaniiru. Wayita rigaa kan mukaatiin rigannu irga foon ilkaanii keenyaa hin miidhu. Kan warshaatti hojjetame garuu irga ilkaanii fixa. Kanaafuu utuu kan aadaa kanatti fayyadamnee wayya.'' jechuun gorsu. Mukni rigaan irraa tolfamu hedduu bu'a qabeessa ta'uu kan eeran Aab Iyyaasuun rigaan aadaa wayita irraanfatamaa dhufetti gosti mukaa kunis badeera. Kanaaf Uummanni utuu rigaa mukaatti fayyadamuu eegalee mukeen sanyiin isaanii lafarraa baduuf jedhanillee deebifamanii kunuunfamu jedhan. Kanaafuu faayidaan rigaan aadaa qabu waan tokko lama otoo hin taane hedduudha jedhan. Hakiima fayyaa ilkaanii ka tahan Dr. Robeeraa Caalaa, rigaan inni aadaa faayidaalee adda addaa kan qabu yogguu tahu, ''hawaasni rigaa ilkaan qulqulleeffachuufi foolii afaanii gaarii qabaachuuf itti fayyadamu,'' jedhu. ''Rigaa fayydamuun ilkaan yommuu qulqulleeffannu, haftee soorataa ilkaan gubbaa hafan ni qulqulleessa,'' kan jedhan Dr. Robeeraa kunis dhibeewwan gama kanaan afaan keenya keessatti mudatan hambisuurratti gahee guddaa qaba jedhu. Namoonni rigaa fayyadaman ammuma riganii, ammuma kan dhaaban miti - yeroo dheeraaf fayyadamu. ''Yemmuu karaa deemanis, yogguu hojii hojjetanis rigaa fayyadamu,'' kan jedhan ogeessi kun, waanti alagaa tahe tokko afaan namaatti yommuu galu, hancufni baayyinaan afaan keenya keessatti akka oomishamu taasisa jedhu. ''Kunimmoo faayidaa guddaa qaba. Hancufni afaan keenyatti baayyachuun, dhibeewwan afaan keessatti baakteeriyaan uumaman akka isaan miiccaman ykn qulqullaa'an taasisa''. Kana malees hancufni baayyachuun tortoruun ilkaanii fi irga ilkaaniillee akka hin dhufne taasisas jedhaniiru.
Kana malees hancufni baayyachuun tortoruun ilkaanii fi irga ilkaaniillee akka hin dhufne taasisas jedhaniiru. Ogeeyyiin addunyaa gubbaa jiran rigaadhuma aadaa kana bu'uura godhachuun buruushii ilkaaniifi maloota biroo kalaqaniiru. Kunis irra caalaa bu'a-qabeessadha jedhu ogeessi kun. ''Fakkeenyaaf rigaa ilkaanii fayyadamuun, ilkaan keenya lamaan bakka itti walargan gidduu qaqqabuu hin dandeenyu. Gama ammayyaatiin garuu wanta akka kirrii fakkaatuun (dental floss) soorata baasnee qulqulleessuu dandeenya,'' jedhu.
Seeneetiin US wixinee to’annoo qawwee seena-qabeessa tahe raggaasise Seeneetiin US wixinee to’annoo qawwee waggoota 30 keessatti murteessaadha jedhame yeroo jalqabaaf raggaasise. Miseensotni Rippaabilikaanotaa 15 tahan warra Dimokiraatotaatti dabalamanii sagalee kennuun akka wixineen to’annoo meeshaalee waraanaa kun sagalee 65 fi 33’n darbu taasisaniiru. Wixineen kun haleellaa jumlaa lafa gabaa Bufaalloo, magaalaa Niwu Yoorkitti qaqqabeefi mana barumsaa Uvaalde jedhamutti raawwate hordofuun ragga’e. Haleellaa lamaan kanaan namoonni 31 ajjeefamaniiru. Wixinee kun pirezidaantiin mallattaa’ee gara seeraatti osoo hin jijjiiramiin dura Mana-Maree Bakka Bu’oota Ummataan ragga’uu qaba. Kun ammoo guyyota muraasa keessatti raawwata. Haaromsi qawwee qabaachuu irratti gaggeeffame tokko seen-duubee namoota umuriin isaanii 21 gadii meeshaa bitachuu barbaadanii haalaan qorachuufi sagantaa fayyaa sammuuf mootummaan federaalaa doolaara biliyoona 15 ramaduu dabalata. Akkasumas, eegumsa nageenyaa manneen barnootaa cimsuun haaromsa ammaa keessaa tokko. Isteetonni US kaanis namoota akka sodaatti ilaalaman irraa meeshaa waraanaa fuudhuu akka qaban himame. Namoota jaalallee isaanii bultoo hin dhaabbatiin irratti miidhaa geesisuun himatmanii beekanitti meeshaa waraanaa gurguruu dhiisuun qabxii biraa haaromsa kana keessatti qabamedha. Wixineen kun baay’ee murteessaa tahuun isaa kan agarsiisu waggoota kurnan booda miseensota paartilee lameeniin deeggaramee darbuu isaati. Seenaa keessatti seera qawwee qabachuu dhorku akka hin raggaaneef dura dhaabbachaa turan warra Rippaabilikaanotaati. Senaaterri Rippaabilikaanotaa Joon Koorniin Teksaas irraa wiixneen kun Ameerikaanonni nagaatti akka jiraatan godha jedhe. Wixinichi akka darbuufis warra Dimokiraatotaa waliin hojjechaa ture.
Wixinichi akka darbuufis warra Dimokiraatotaa waliin hojjechaa ture. ‘’Waan arginu kana irratti homaa hojjechuu hin qabnu jedhee hin amanu. Homaa hojjechuu dadhabuun itti-gaafatamummaa ummatni Ameerikaa nutti kenne akka ganuutti ilaalama. Biyyoota soreeyyii keessaa Ameerikaan biyya lammiilee ishee ajjeechaa qawween dhabdu jalqabaati. Waggaa kana keessa qofa namootni 20,900 tahan qawween ajjeefamaniiru.
Fayyaa Wal-hormaataa: ‘Durbummaan waan kennamus, waan fudhatamus miti’ Dur dur qarreefi qeerroon guyyaa gaa’ela isaanii dura saal-quunnamtii hin raawwatan, kunis hawaasa biratti dhimma kabajni guddaan kennamuufidha. Guyyaa cidhaa misirrittiin ‘yoo durbummaa qabaatte’ ililleefi gammachuu guddaatu taha. Hawaasa garagraa keessatti ‘dhiigni durbummaa huccuu adii irratti agarsiifamaa hamaamotni ittiin sirba.’ Dubartiin durbummaa hin qabne ni qaanofti, adda foo’amuufi ‘’ishee durbummaa qabdu qixxeetti ilaalamuu dhiisuu malti.’’ ‘’Durbummaa ishee ebeluuf kennite, ebeluutu durbummaa ishee fudhate,’’ haasaa yeroo baayyee hiriyyoota keenya gidduutti odeeffamudha. ‘’Dhugumaan durbummaan waan kennamu dha?’’ Gaaffii armaan duraa otoo hin deebisiin, durbummaan maali kan jedhu sirriittii hubachuuf akkasumas waan barteedhaan jedhamuufi dhugaa jiru ifatti baasuuf hakiimattin bilbile. Bersaabeh Makaashaa jedhamti, dokatar fayyaa yoo taatu, Yunivarsiitii Dabira Maarqositti barsiisaa turte. Dhimma koorniyaa, fayyaa saalaafi wal-hormaataa irratti hubannoo uumuurratti hojjetti. Yeroo ammaa biyya UKtti digrii lammataa fayyaa hawaasaan hordofaa jirti. Gaaffiiwwan koofis deebii naa kennitee jirti. Dhiyaadhaa. Durbummaan isa Afaan Ingiliiziin virginity jedhamu wajjin tokko akka hin taane kan himtu Dr Bersaabeh ‘virgin’ tahuun gochaa tokko raawwachuu dhabuu agarsiisuu mala jetti. "Kanaaf dhimma tokko yeroo jalqabaaf raawwachuun akka ‘virginity’ kana dhabuutti yerootti ilaalamu jira,’’ jechuun ibsiti. Gara dhimma saal-quunnamtiitti yeroo fidnu namni tokko yoo saal-quunnamtii godhee hin beeku tahe ‘virgin’ jedhamuu mala jetti. Kanaan dura muuxannoo saal-quunnamtii qabaachuu dhabuun aadaa garagaraa keessatti haala adda addaan ibsamuu danda’a.
‘’Fakkeenyaaf, dubartootni kana dura saal-quunnamtii raawwataniiruu, hin raawwannee kan jedhu himuuf barteedhaan kutaa/caasaa qaamaa ‘hymen’ jedhamuufi fiixee/hulaa qaama saalaa dubartii irratti argamuun mirkaneessuuf ni yaalama,’’ jetti. Kanaaf jetti hakiimni kuni ‘virgin’ tahuun dhiiraafis dubaraafis kana dura muxannoo saal-quunnamtii qabaachuu dhabuu yoo tahu, ‘hymen’ inni jedhamu garuu caasaa qaamaa (tishuu haphii fiixee qaama saalaa dubartii irratti argamudha) jechuun ibsiti. Dubartoonni caasaa qaamaa kanaa waliin maaliif dhalatu gaaffiin jedhu falmisiisaafi deebii garagaraa kan qabu tahus jetti, ’’daa’imman yeroo dhalatan qaawwa bobbaan itti bahuufi qaawwa qaama saalaa wajjin gatii dhalataniif bobbaan karaa qaama saalaa isaaniin ol akka hin galle dhorkuuf barbaachisetu caasaan ‘hymen’ jedhamu suni jiraate, yaad-rimeewwan jedhan jiru jetti. Dr Bersaabeh caasaan qaamaa ‘hymen’ jedhamu kuni boca gargaraan uumamuu danda’a jetti. Namoota gariin irratti tishuu baayyee xiqqoo tahe ta’uu danda’a, yeroo kaan ammoo jiraachuu dhiisuu mala, yeroo kaan ammoo hulaa qaama saalaa guutummaatti haguuguu danda’a jetti. Haala kanaan dubartoonni caasaa qaamaa ‘hymen’ jedhamu kana otoo hin qabaatiin dhalatan, kana dura saal-quunnamtii gochuuf dhiisuu isaanii murteessuun hin danda’amu jechuu dha. Haa tahu malee caasaan qaamaa ‘hymen’ jedhamu yeroo jiru garuu ‘’saal-quunnamtiin yoo raawwatamu qaamni saalaa dhiiraa gatii dhiibuuf dhiiguufi dhukkubuu ni danda’a,’’ jetti. Namoonni waa’ee kana dura muuxannoo saal-quunnamtii qabaachuu dhabuu (virginity) yeroo haasa’an, ‘’ebeluu waliinan yeroo jalqabaaf saal-quunnamtii raawwadhe jechuu danda’u, kunis barnoota wal-hormaataan ‘sexual debut’ jedhama,’’ jetti Dr Bersaabeh.
Haala kanaan dhiirris tahe dubartiin muuxannoon isaanii yeroo jalqabaa kuni dhimma dhuunfaafi icciitii waan taheef iddoo guddaa kennuufiif danda’u jechuun ibsiti. Keessumaa dubartoonni,’’nama durbummaa isaanii fudhateef iddoo addaa qabu’’ kan jedhamu, qorannoo hawaasaa dhimma barbaadu tahus, qorannoo fayyaa hamma yoonaa jiruun garuu,’’caasaa qaamaa ‘hymen’ jedhamu dhabuufi sammuu keenya gidduu hariiroon jiraachuu waan agarsiisu hin jiru,’’ jetti hakiimti kuni. Haatahu malee, waa’ee caasaa qaamaa ‘hymen’ jedhamu sanaa haasofna taanaan garuu, ‘’inni waan fudhatamus, waan kennus miti,’’ Yeroo saal-quunnamtiin raawwatamutti adeemsa caasaa qaamaa irratti mudatudha jetti. Dr Bersaabeh gama kanaan dhimmi jalqaba hubachuu qabnu, ‘’dubartoonni durbummaa ykn caasaa ‘hymen’ jedhamu waliin hin dhalanne jirachuudha," jetti. Haala biraan immoo durbummaa (hymen) kuni caasaa qaamaa(tishuu) baayyee haphii tahe gatii taheef, ‘’yeroo tokko tokko saal-quunnamtiin raawwatameeyyuu otoo homaa hin dhiigiin darbuu danda’a.’’ Haatahu malee, ispoortiifi balaa gargaraanis caasaan qaamaa haphii kuni, ‘’dhiiguu ykn tarsa’uu dhibamuu mala,’’ jetti. Kanaaf, caasaan qaamaa ‘hymen’ jedhamu boca garaagaraan jiraachuu irra darbee jiraachuu dhabuufi sababa adda addaan baduu danda’a’. Tahus aadaa keenyatti dubartiin kana dura saal-quunnamtii gochuufi dhiisuu ishee kan beekuuf yaalamu caasaa qaamaa kanaan waan taheef ‘’durbumma ishee dhabdee’’ jedhama jetti. Qorannoon garagaraa akka mul’isuutti dubartoonni saal-quunnamtii yeroo jalqabaaf raawwatanitti dhukkubbiin kan isaanitti dhagahamu, ‘’maashaan qaama saalaa isaanii waan jajjabaatuuf.’’ Kunis qaamni isaanii muuxannoo haaraa keessa darbaa waan jiruufidha jechuun ibsiti.
Kanaaf caasaan qaamaa ‘hymen’ jedhamu yeroo saal-quunnamtii qaama saalaa dhiiraan dhiibamuu caalaa maashaan qaama saalaa dubartii gara malee jajjabaachuun dubartoonni yeroo jalqabaaf yoo saal-quunnamtii raawwatan akka isaan dhukkubu gochuu mala jechuun ibsti. Haatahu malee, caasaan qaamaa ‘hymen’ jedhamu boca garagaraan waan dhufuuf dhukkubbiin dhagahamuu mala jetti. ‘’Fakkeenyaaf ‘hymen’ tokko tokko hulaa qaama saalaa dubartii guutummaan guutuuti waan haguuguuf qaawwii homaa otoo hin jiraaatiin hafa, dubartoonni laguun isaanii karaatti bahu dhabuu mala. Inumaayyuu inni akkasiii wal’aansa baqaqasanii yaaluu barbaachisuu mala,’’ jechuun ibsiti. Duraan dursa ‘’caasaan qaamaa ‘hymen’ jedhamu otoo jiruu ulfaa’uun yeroo baayyee dhimma mudatu miti,’’ jechuun ibsiti. Haatahu malee, ’’bocni durbummaa ‘hymen’ tokko tokko qaamni saalaa dhiiraa otoon hin galiin ‘sanyii dhiiraa’ ykn ‘sperm’ alarraa gara keessatti akka galu eeyyamu ni danda’a.’’ Yeroo kanatti dubartiin sun ‘hymen’ ykn durbummaa otoo qabduu haalli itti ulfaa’uu dandeessu ni mudata Gama kaaniin immoo, ’’durbummaa ykn ‘hymen’ akkuma kutaa qaama keenya biraa dhiigee ykn tarsa’ee fayyuudhaan gara iddoo duraasaatti deebi’uu danda’a, keesumaa saal-quunnamtiin irra deddeebiin hin raawwanne taanaan jechuu dha.’’ Yeroo kuni tahutti dubartiin dahuuf mana yaalaa deemtu hakiimonni ‘durbummaa’ sana eeguu sababii jedhuun wal’aansa baqaqsanii yaaluun karaa garaa akka deessu taasisuu danda’u, jetti. Dr Bersaabeh durbummaan (‘hymen’) boca gargaraa waan qabuuf kan dubartoota hundaa wal-hin fakkaatuu jechuun ibsiti. Haatahu malee, ‘’yeroo baayyee hulaa qaama saalaa dubartii hanga walakkaa kan haguuguuun, qaawwa laguun itti dhangala’u kan hambisu taheetu argama.’’ Kanaachi dubartooti hunduu ‘hymen’ boca garaagaraa dha qabu jechuun dubbatti.
Haatahu malee, ‘’yeroo baayyee hulaa qaama saalaa dubartii hanga walakkaa kan haguuguuun, qaawwa laguun itti dhangala’u kan hambisu taheetu argama.’’ Kanaachi dubartooti hunduu ‘hymen’ boca garaagaraa dha qabu jechuun dubbatti. Biyya keenya dabalatee biyyoota Arabaa keessatti yeroo gaa’elaa durbummaa qabaatanii argamuun dhimma kabajni guddaan kennamuuf gatii taheef hakiimonni wal’aansa baqaqasanii yaaluu, biyyoota garagaraa keessatti yerootti caasaa qaamaa ‘hymen’ jedhamu deebisanii dhaaban ni jira jechuun ibsiti hakiimni kuni. Dhimmi gaa’ela dura saal-quunnamtii otoo hin raawwatiin hafuun kan abbaa tahullee jetti Dr Bersaabeh, ‘’dhiibbaa hawaasni dubartoota irratti taasisuun, dubartiin tokko kana dura saal-quunnamtii raawwachuufi dhiisuu ishee baruuf yeroottii qorannoo yaalii durbummaa ‘hymen’ dhaan mirkaneessuuf yaalamu ni jiraata. Kuni garuu mirga dubaraa kan dhiibuufi Mootummaa Gamtoomaniin biyyoota hedduu keessatti kan dhorkamedha,’’ jechuun ibsiti. ‘’Akkuma dhiirri tokko kana dura saal-quunnamtii raawwachuufi dhiisuusaa qorannoon mirkaneessuu hin danda’amneefi hin gaafatamne, dubartiin tokko kuni dhimma dhuunfaafi icciitiishee gatii taheef ofii yoo himachuu feete malee karaa kamiiniyyuu mirkaneessuuf yaaluun mirgashee ni sarba,’’ jetti Dr Besaabeh. Akka Dr Bersaabeh jettutti, ‘’walumaagalatti dhimmooti durbummaa wajjin wal-qabatu jedhaman amantee, aadaafi haala hawaasa garaagaraa irraan kan himaman malee caasaa qaamaa isa durbummaa ykn ‘hymen’ jedhamu irratti hundaa’un miti.’’
Waraana Yuukireen: 'Looltoonni Raashiyaa ana gudeedanii, abbaa manaakoo ammo ajjeesan' Humnootiin Raashiyaa naannolee magaalaa gudditti Yuukireen Kiiv gadhiisanii ba’aniiru, garuu jiraattota irratti godaannisa dhiisanii deeman. BBC’n ragaa dubartoonni Yuukireen loltoota Raashiyaan gudeedamuu agarsiisu argateera. Ganda Kiiv irra gara Lixaatti km70 fagaatee jiru keessatti, dubartii umurii ganna 50 Aanaa waliin haasofnee turre. Eenyummaa ishee eeguuf jecha maqaa ishee geeddareerra. Bitootessa 7 abbaa warraa ishee waliin mana utuu jirtuu, loltoonni cabsanii itti seenuu isaanii Aanaan BBC’tti himteetti. "Qawwee natti qiyyaafatee, mana dhiyoo jiru tokkotti na fuudhee deeme. ‘Uffatakee ofirraa baasi ykn sin ajjeesa’ jedhee na ajaje. Wanta inni jedhu hin godhu yoon ta’e akka na ajjeesu natti himuun na dorsiisuu itti fufe. Sana booda na gudeeduu eegale," jetti. Aanaan namni ishee gudeede kun dargaggeessa qal‘aa, loltuu Chichiiniyaa Raashiyaaf lolan akka ta’e ibsiti. "Utuu inni na gudeeduu, loltoonni biroo afur ol seenani. Naa dhume jedheen yaade, garuu isa fuudhanii gadi baasani. Sana booda isa hin agarre," jetti. Namootni ishee olchan kun loltoota Raashiyaa gartuu biraarra dhufan akka ta’an amanti. Aanaan yeroo manatti deebitu, abbaan manaa ishee miidhame argatte. Garaa isaarra rasaasaan rukutameera. "Na oolchuuf jedhe na duuba fiiguu yaalee ture, garuu rasaasaan rukutame," jetti. Sana booda lamaanu mana ollaa isaani keessa da’atanii taa’an. Sababa waraana jiruun abbaa warraa ishee mana yaalaatti geessuu hin dandeenye. Guyyaa lama booda sababa madaa isaan lubbuun isaa darbe. Aanaan yeroo seenaa ishee kana nutti himtu boo’icha adda hin kutne.
Mana isaanii duubatti ishee fi ollootiin ishee bakka itti abbaa warraa ishee awwaalan nutti agarsiisteetti. Bakka awwalchaa kanarra fannoon muka irraa hojjetame dhaabbatee jira. Aanaan mana yaalaa naannoo ishee jiru waliin wal qunnamtee wal’aansa xiinsammuu argachaa akka jirtu ibsiteetti. Looltoonni ishee oolchan guyyootii muraasaaf mana ishee kessa buufatanii turan. Qawwee itti qabanii mi’a abba warraa ishee akka kennituufiif akka gaafataniin himti. "Yeroo isaan deeman, qoricha sammuu hadoochuu fi miira saa-qunnamtii kakaasu gatanii deeman argeera. Yeroo hedduu machaa’anii oolu. Hedduun isaanii ajjeestota, gudeedtotaa fi saamtotadha. Muraasa qofatu nama gaariidha," jetti. Mana Aanaa irra xiqqoo gadi siqne, seenaa sukkaneessa biraa dhageenye. Dubartiin tokko gudeedamtee akka ajjeefamte himama. Akka olloonni jedhanitti nama Aanaa gudeedetu yakka kana raawwate, gara mana Aanaa deemuu isaa dura. Dubartiin ganna 40’n keessa turte kun mana ishee keessaa baafamtee, kutaa ciisichaa mana biraa, kan yeroo waraanni eegaleetti namootni keessa baqatanii ba’anitti akka geeffamte ollootni ni himu. Kutaan ciisicha kun halluu babbareedaa qabu ture, amma bakka yakki hamaan itti raawwatame ta’eera. Firaashii fi uffata siree irra dhiigni lola’e ni mul’ata. Daawwitii kutaa ciisicha kana keessa jiru irratti ergaan halluu hidhii dibatan ykn lippiistikiin barreeffame - "namoota hin beekamneen dararamtee, loltoota Raashiyaan awwaalamte," jedha. Ollaan ishee Oksaanaa, ergaa kana kan barreesse loltoota Raashiyaa reeffa ishee erga arganii ishee awwaalan akka ta’e himaniiru. "Looltonni kun, akka isheen gudeedamtee fi erga waraanamtee booda dhiigni ishee hedduu dhangala’ee akka duute natti himani.
Dhiigni baay'ee dhangala’ee akka ture natti himani," jedhu. Dubartiin kun lafa biqiltuu dhaaban mana ishee booroo jiru keessatti awwaalamte. Daawwanaa keenya guyyoota muraasaa booda, poolisiin qorannoo gaggeessuuf reeffa ishee yemmuu baasan, reeffi ishee qullaa ta’eefi morma isheerratti madaa bal’aa fi dheeraa argataniiru. Hogganaan poolisii bulchiinsa Kiiv, Andirii Nebiitoov, yakka biraa magaalattii irraa ganda km 50 fagaatte jirtu keessatti qorannoo gaggeessaa akka jiran BBC’tti himaniiru. Maatiin miseensa sadii – abbaa, haadhaa fi daa’ima isaani mana qarqara gandichaa jiru keessa jiraatu turani. "Bitootessa 9 loltoonni Raashiyaa hedduun mana isaanii yemmuu seenaanitti, abbaan daa’imasaa fi haadha manaa isaa olchuuf yaalee ture. Kanaaf borootti isa baasani rasaasaan isa rukutan," jedha Nebiitoov. "Sana booda loltoonni lama irra daddeebiin hadha warraa gudeedani. Ba’anii deemanii, achimmoo deebi’anii dhufu. Ishee gudeeduuf jecha si’a sadii deemanii, deebi’ani. Yoo isheen didde daa’ima ishee akka miidhan itti himuun ishee doorsisu. Ilma isheef jecha homaa ofirraa isaan hin lolle." Looltonni kun dhumarratti, mana jireenya kana gubanii, saroota maatii kanaa rasaasaan rukutanii deeman. Dubartiin kun ilma ishee waliin baqattee poolisiitti wanta uumame himateetti. Nabiitoov fi gareen isaa mana gubatee barbaada’e kana keessaa ragaalee funaanaa jiru. Abbaan manaa ollotii isaan, lafa biqiltuu dhaaban qe'ee keessa jirutti awwaalama. Amma poolisiin qorannoof jecha reeffa isaa qotanii baasaniiru. Dhimma kana mana murti idil-addunyaatti dhiyeessuuf karoorfataniiru. Yuukireenitti Abbagaar uummataa kan mirga namoomaa, Liyudmilaa Denisovaa, dhimmoota walfakkataa akkanaa hedduu irratti ragaa funaannachuu ibsiteetti.
Yuukireenitti Abbagaar uummataa kan mirga namoomaa, Liyudmilaa Denisovaa, dhimmoota walfakkataa akkanaa hedduu irratti ragaa funaannachuu ibsiteetti. “Yeroo weeraraa kanaatti mana magaalaa Buchaa jiru tokko keessatti, shamarranifi dubartoonni 25 umuriin isaanii ganna 14 hanga 24 ta'u gudeedamaniiru. Isaan keessa sagal ulfaa’aniiru," jetti. "Looltoonni Raashiyaa, ijoolleen lammii Yuukireen akka hin dhalanne goochuuf, hanga isaan dubartoonnifi shamarran kunneen dhiira biraa waliin ta’uu jibbaniitti akka isaan gudeedan itti himuun isaan doorsisu ture." Sarara bilbilaa gargaarsaa fi chaanalii Telegiraamii irratti odeeffanno hedduu argachaa akka jiran himteetti. "Shamarreen gana 25 nuuf bilbiltee obboleettiin ishee ganna 16 fuldura isheetti akka gudeedamte nutti himteetti. Yeroo obboleetti ishee gudeedanitti 'sagaagaltuu Naazii hunda irratti kanatu ta'a' akka jedhan himteetti" jetti Denisoovaan. "Yeroo ammatti namni hundi wanta irra ga’e himuu waan hin hin feeneef cimaadha. Hedduun isaani gargaarsa xiinsammuuf bilbilu, kanaaf seenaa nutti himame kana hanga isaan seeraan dhugaa ba’ummaa isaanii nuuf kenannitti akka yakkaatti galmeessuu hin dandeenyu,” jetteetti. Yuukireen kan barbaaddu, Dhaabbati Biyyoota Gamtoomanii Vilaadimiir Puutiniin gudeeddii dabalatee himannaa yakka waraanaan seeratti akka dhiyeessudha jetti. "Puutiiniin kun maaliif uumamaa jira jedhee gaafachuun barbaada," jetti dubartiin gudeedamuu ishee nutti himte Aanaan. "Naaf hin galle, bara durii keessa jiraachaa jirra miti, maaliif walii galteerra hin ga’u? maaliif nu weeraree nu ajjeesa?"
Poolisiin imaltoota dubartii baabura irratti gudeedamtu osoo arganii callisan akeekkachiise Namoonni wayita dubartiin baabura irratti dirqiin gudeedamtu buusisuu didanii itti dhiisanii ilaalan yakkaan himatamuu akka malan poolisiin Filaadeelfiyaa akeekkachiise. Taatee torban darbe raawwate kanaan, dubartiin tokko baabura irratti imalaa tokkoon yoo gudeedamtu, imaltoonni kaan osoo arganii callisan, kaan ammoo viidiyoo waraabaa turan jedhe poolisiin. Viidiyoon kaameeraa CCTVn waraabame namoonni gariin cal jedhanii yoo ilaalan, kaan ammoo poolisiitti bilbiluu dhiisanii viidiyoo yoo waraaban mul'ise. Namichi yakka gudeeddii kana raawwate to'annoo poolisii jala oolee himannaa eeggataa jira. Yakki gudeeddi kun kan raawwate Roobii darbe baabura qabeenyummaan isaa Abbaa Taayitaa Geejjibaa Kibba-Baha Peenisilveeniyaa ta'e keessatti. Abbaan Taayitichaa ibsa baaseen "namoonnni baabura keessa jiran gochi suukkanneessaa kun yoo raawwatu argan jiru, osoo namni tokko poolisiitti bilbilee silaa dhaabsisuun ni danda'ama ture" jedhe. Booda hojjetaan abbaa taayitichaa baabura sana kore poolisiitti bilbilee, poolisiin dubartii miidhaan irra gahe argatee, shakkamaas to'annoo jala oolche. Dubartiin gudeedamte gara hospitaalaa geeffamtee yaala argatteetti. Poolisiin Wiixata darbe ibsa kenneen daqiiqaa 40 guutuu wayita dubartiin kun qoccolamtuu fi boodas gudeedamtu namni poolisiitti bilbile tokkollee hin jiru. Baabura sana keessa namoonni meeqa akka turan garuu hin baramne. "Namoonni gara dubartii gudeedamaa jirtuutti bilbila isaanii ol kaasanii waraabaa turan jiraachuu isinitti nan hima" jedhan hogganaan poolisii Toomaas Nestel. Poolisiin namoonni callisanii ilaalanii fi waraabaa turan yakkaan itti gaafatamu jechuu Niwu Yoorki Taayims gabaaseera. Haata'u malee namootni kun seera kamiin akka gaafataman poolisiin ifa hin goone.
Haata'u malee namootni kun seera kamiin akka gaafataman poolisiin ifa hin goone. Wayita yakki raawwatu dirqama seeraan itti kenname yoo hin qabaatiin namoonni akka jidduu seenan seerri Ameerikaa hin dirqisiisu. Tarii kanneen viidiyoo waraaban, yoo viidiyoon sun yakka raawwatame irratti dhiibbaa dabalataa kan uumuu ta'e gaafatamuu malu jedhu ogeeyyiin seeraa. Abbaan alangaa naannawa yakkichi itti raawwatee dhimmicharratti BBC'f yaada hin kennine.
Dargaggoo viidiyoo saalqunnamtii dubartootaa gurguru waggaa 40 itti muran Manni murtii Kooriyaa Kibbaa dargaggoo viidiyoo saalqunnamtii intarneeta gubbaa gurguruun beekamu hidhaa waggaa 40 itti mure. Cho Ju - bin garee maqaa dubartootaa balleessuun viidiyoo saalqunnamtii akka qoodan dirqisiisee, ergasii viidiyoo itti ergan kaffaltiin intarneeta gubbaa gadhiisu hogganuun yakkamaa ta'e. Yoo xiqqaate namoonni 10,000 garee icciitii Telegiraama kana kan fayyadaman yoo ta'u, viidiyoo inni gadhiisu arguuf kan dolaara 1,200 kaffalanillee jiru. Namoonni 74, shamarran umriin hin geenye 16 dabalatee, balaa kanaaf saaxilamaniiru. Choon seera daa'imman dararaa saal qunnamtiirraa eeguuf bahe cabsuuniifi galii argachuuf jecha viidiyoo mirga namaa sarbu gurguruufi garee yakkamaa gaggeessuun yakkamaa ta'e. Gareen telegiraamii viidiyoon itti gurguramu garee dhoksaan akka ta'e ibsame. Dhimmi kuni mufii guddaa Kooriyaa Kibbaa keessa uume. Baatii Bitootessa darbe koreen poolisii hundaa'e waan kana dura hin baramne raawwate. Erga namoonni miiliyoona shan ta'an iyyatanii booda, eenyummaa shakkamaa ifa taasisan. Kunis, dargaggoo waggaa 25 kolleejjiirraa eebbifame Choo ture. ''Kanneen anaan miidhamtaniif dhiifama nan gaafadha,'' jechuun baatii darbe yeroo buufata poolisii Seewul irraa fuudhamu dubbate. ''Jireenya seexanaa silaa hin dhaabbannetti baga boqonnaa kennitan,'' jedhe. Akka poolisin jedhetti yoo xiqqaate shakkamtoonni 124 kan hidhaman yoo ta'u, kanneen garee dhoksaa telegiraamaa keessa dalaganiifi miidiyaa hawaasummaa biraarra dalagan 18 illee to'atamuu Rooyitars gabaaseera. Himatamtoonni 15 biroo hidhaan waggaa 7 hanga 15 itti murameera.
Himatamtoonni 15 biroo hidhaan waggaa 7 hanga 15 itti murameera. Dhaabbileen mirga dubartootaarratti dalagan adeemsa murtii Choo hordofaa turan. Sababni isaas Kooriyaa Kibbaatti yakkoonni gama intarneetaan dubartootarratti dhaqqaban, yeroo dheeraaf hammana akka badii guddaatti lakkaa'uu dhabun jira jetti gaazexeessituun BBC Laawuraa Biikar See'ul irraa. Murtee kana dubartoonni biyyattii jalqabbii gaarii akka ta'etti hubatu. Abbaan Alangee hidhaa umrii guutuun akka adabamu jedhanis abbaan seeraa hidhaa waggaa 40 irratti murani.
Joon Geeddert: Leenjisaan duraanii Olompikii US erga haleellaa saalan himatamee du'ee argame Leenjisaan duraanii garee jiminaastikii US haleellaa saalaa fi daddabarsa namaan himatame sa'aatiiwwan booda of ajjeesuu qondaalonni mootummaa himan. Abbaan alangaa waliigalaa Michigaan Daanaa Nessel du'a Joon Gedeert kaleessa mirkaneessaniiru. Ganama kaleessaa Obbo Nesel himata 24 Joon irratti baasuu himan. Gedeert bara 2012 leenjisaa garee jiminaastikii Ameerikaa tahuun Olompikii irratti dhiyaataniiru. Gedeert hakiima garichaa Laarii Naasar atileetota hedduu irra miidhaa saalaa geesisaa ture waliin dhiyeenyaan hojjechaa turan. Naasar bara 2018 keessa dubartoota 250 irra miidhaa saalaa geesisuun hidhaa waggaa 300'n adabame. Joon Gedeert, nama ganna 63, Michigaan keessaa bakka leenjii jiminaastikii kan qabu yoo tahu Naasar ammoo hakiima tahuun achuma keessa tajaajilaa ture. Kamisa sa'a booda dhiyaata jedhamee eegamus hin dhiyaatiin hafuu isaa abbaan alangaa waliigalaa himan. " Waajjirri koo Joon Gedeert of ajjeesuun reeffi isaa'' jette Neeser. ''Kun xumura gaddisiisaa kan seenaa gaddisiisaa qaban hundaati.'' Himata Gedeert irratti dhiyaate maal beekna? Aadde Neseer himatawwan 24 adda baasuun Gedeert irratti kan dhiyeessite yoo ibsitu ''miidhaa dubbii, qaamaa fi saalaa baay'ee shammarran irraan gahuun irratti xiyyeeffata.'' Isaan keessaa lama tahe jedhee haleellaa saalaa shamarran umuriin ganna 13 fi 16 irra geesisuu isaati. Yakka daddabarsa dhala namaa 14 ''atileetota isaa hojii humnaa yookaan tajaajila adda addaa dirqamaan haala hamaa miidhaa qaamaaf isaan saaxile'' keessa galchuun akka hojjetan gochuun himatameera.
Yakka daddabarsa dhala namaa 14 ''atileetota isaa hojii humnaa yookaan tajaajila adda addaa dirqamaan haala hamaa miidhaa qaamaaf isaan saaxile'' keessa galchuun akka hojjetan gochuun himatameera. Gedeert "miidhaa qaamaa miidhamtota irra gahe yeroo dhagahe dhagahuu diduun humnaan, sodaachisuun, doorsisuun dirqisiisee sadarkaa barbaadameen akka hojjetamu isaan gochaa ture'' jedha ibsi abbaa alangaa waliigalaa. Qorannoo Naasar irrati bara 2016 keessa gaggeeffame irrattis sobeera jedhamuun himatame. Bara 2020 Jiminaastikiin USA doolaara miliyoona $215 tahu garee atileetotaa Naasar midhaa irraan gahaa tureef akka kaffalu ibseera. Pirezidaantiin Jiminaastikii USA, Lii Lii Liyuung '' amanamummaa atileetotaa fi hawwaasa keenyaa hammam akka cabsine baay'ee nutti dhagahama, amanamummaa sana deebisnee ijaaruuf cimsinee hojjechaa jirra jedhan.
Yuunivarsitii Kalifoorniyaa: Dolaara biliyoona tokko miidhaa saalaa hakiimni gadameessaa dubartootarraan gaheef Yuunivarsiitiin Kibba Kaalifoorniyaa (USC) dhukkubsattoota miidhaa saalaa hakiima gadameessaa yuunivarsiitichaa isaan yaaalaa ture irratti dhiyeessaniif doolaara biliyoona tokko kaffaluuf waliigale. Seenaa dhaabbilee barnootaa keessatti kaffaltiin miidhaa saalaa waliin wal qabatuuf kun isa ol aanaadha. Joorji Tiindaal bara 2019 to'atamuun miidhaa saalaa dubartoota 16 irraan gaheera jedhamee himatame. Inni garuu yakka kana haaleera. Dubartootni 350 tahan miidhaa saalaa hakiima gadameessaa kanaan isaanirra gahu ilaalchisee muuxannoo isaanii dubbatan. Abbootiin seeraa garee dubartoota 710 tahanii yuunivarsiiticha himatan abbaa seeraa Loos Anjeles jirutti akka himanitti dhimmicha furuuf kaffaltii doolaara miliyoona 852 waliigalaniiru. Yuunivarsiitiin USC bara 2018 keessa doolaara miliyoona 215 miidhaa daree barnootaatti dhaqqabaniif kaffaluuf waliigalee ture. "Miidhaa hawwaasa yuunivarsitichaa irra gahaa tureef baay'een gadda'' jedhan pirezidaantiin yuunivarsiitichaa Karool Foolt. ''Namoota fuulduratti bahuun dubbattan nan galateeffadha. Waliigalteen kun dubartootaaf boqonnaa kenna jedheen abdadha.'' Kaffaltiin kun seenaa keessatti isa guddaadha. Yuunivarsiitiin mootummaa Michigaan kana dura miidhaa Laarii Naaser bakka jiminaastikiitti dhaqqabsiisee himatameef doolaara miliyoona 500 kaffaleera. Dubbiin kun yeroo barruun Loos Anjeles Taayimsi hojjettota duraanii fi ammaa irraa iyyaafachun miidhaa hakiimni gadameessaa Dr Tiindaal dhaqqabsiisaa ture yeroo maxxansu eegale. Dubartootni dhibbaan lakkaa'aman fuulduratti bahuun miidhaa saalaa Dr Tiindaal isaan irratti raawwate himatan.
Dubartootni dhibbaan lakkaa'aman fuulduratti bahuun miidhaa saalaa Dr Tiindaal isaan irratti raawwate himatan. Akka poolisiin jedhetti waan isaan jedhan gariin ulaagaa himachiisu hin guutne. Dubartootni akka jedhanitti yeroo qorannoo fayyaa gaggeessaafii ture hakiimichi jechoota gadhee dubbataa, suuraa kaasaa fi qoccolaa akka ture. Himanni kun akka pirezidaantiin yuunivarsiitichaa akkaataa isaan himaticha ilaalan irraa kan ka'e aangoo isaanii irraa bu'an taasiseera. Dr Tiindaal waggoota 30'f yuunivarsiiticha keessa hakiima gadameessaa tahuun tajaajilaniiru. Dhukkabsattotaaf yaada badaa kennaniin bara 2017 hojicha gadhiisanii bahaniiru. Himanni isaanirratti dhiyaate kun amala hakiimotaa ogeessa gadameessaa yeroo qorannoo gaggeessan ilaalchisee mariin akka gaggeeffamu taasiseera.
Ingiriidaa Iskaamiilaa: Meeksikootti erga shamarreen jaalallee isheetiin ajjeefamteen booda dheekamsi ka'e Lammiileen Meeksikoo ajjeechaa suukaneessaa shamarree kanaan mufachuu isaanii ibsachaa jiru. Ingiriidaa Iskaamiilaan shamarree ganna 25 yoo taatu jaalallee ishee waliin jiraatuun erga waraanamtee booda ragaa dhoksuuf jecha qaamnishee akka malee kukkutameera. Dubartoota qofaa ajjeesuufi ajjeechaan saala irratti hundaa'e Meeksikootti baay'achaa jira. Qorannoo dhiyeenya taasifameen illee namooti 700 du'aniiru. Kanaanis lakkoofsi dubartoota sababa kanaan ajjeefamnii guddaa dha. Ragaan biyyattii akka agarsiisutti dubartoonni 3,142 baatii kurnan darban 2019 keessatti ajjeefamaniiru. Kanneen keessaa 726 dhiirotaan kan ajjeefamani dha. Falmattoonnii mirga dubartootaa lakkoofsi kuni xiqqoo dha jedhu. Kana malees rakkoon kanaan wal-qabtee mudatu baayyeen furmaata otoo hin aragatiin achumaan hafa. Namoonni gocha kana raawwatan baayyeenis seeratti hin dhiyaatani jedhu. Oduun ajjeefamuu shamarree kanaa Pireezidentii biyyattii Andirees Maanu'el Loopeez Obraadoor dhimmi ajjeechaa dubartootaa, ''miidiyaaleetiin biyyattiitiin akka malee hafarsamee,;; jedhaniiru. Lammiileen miidiyaa hawaasummaa irratti dheekkamsa isaaniin ibsatan suuraa reenfa shamarree Ingiriidaa Iskaamiilaa intarneetii irrattii warri maxxansan akka adabamn jechuun gafataa turan. Kantiibaan magaalaa Meeksikoo Kilaawudiyaa Sheenbaawuum lafa ajjeechaan kun raawwate deemuun, ajjeesaan shamarree kanaa adabbii isa sirrii argachuu qaba jedhan. Shakkamaan yakka kanaa to'annoo seeraa jala ooluu isaas dubbataniiru. Viidiyoon miidiyaa Meeksikoo irraan tamsa'aa jiru nama dhiigaan laaqamee konkolaataa keessaa jaalallee koo kanin waraane atakaaroo dhimma dhugaatii irratti ka'een akka tahe dubbata.
Viidiyoon miidiyaa Meeksikoo irraan tamsa'aa jiru nama dhiigaan laaqamee konkolaataa keessaa jaalallee koo kanin waraane atakaaroo dhimma dhugaatii irratti ka'een akka tahe dubbata. Ragaa balleessuuf ajjeesee bo'oo lolaa keessa darbachuu hima. Poolisiin odeeffannoo kan argate haadha warraa duraanii shakkamaa kanaa irraati.
Boeing yaaddoo nageenyaa xiyyaara 737 MAX waliin walqabatee ka'u fudhatama hin qabu jedhe Xiyyaarri kun "seenaa keessatti xiyyaara geejjibaa sadarkaa olaanaan sakatta'insi irratti taasifamedha" jedhameera, haata'u malee, qeeqxonni tokko tokko Boeing 737 MAX ammallee nageenyi isaa kan eegame miti jedhanii amanu. Balaawwan rifaasisoo lama namoonni dhibbaan lakkaa'aman akka dhumaniif sababa erga ta'ee booda hojii akka dhaabu kan taasifamee ture Boeing 737 MAX, bara darbe akka deebiyee balali'uuf qaama Ameerikaa xiyyaara to'aturraa hayyamameeraaf. Haata'u malee, yeroo sanarraa kaasee balaliiwwan Boeing 737 MAX irratti rakkoon ciccimoo ta'an gabaafamaniiru. Kampaniin Boeing garuu xiyyaarichi nageenyi isaa kan eegameefi amansiisaa ta'uu isaa ibseera. Bara kana baatii Onkoloolessaa keessa xiyyaarri Boeing 737 MAX dirree Boeing Siyaatil jiru keessaa ka'uun gara Biraaselsitti qajeele. Balaliin kun xiyyaara haaraa warra bitateef, jechuunis garee geejjibaa Tuhii jedhamuuf geessuuf kan karoorfame ture. Haata'u malee, imala dheerina maaylii kuma shan (kiiloomeetira kuma sadetitti) siqu jalqabanii daqiiqaawwan keessatti paayiletoonni balaliisaa turan "rakkoon to'annaa balalii" waan isaan mudateef gara duubaatti deebiyuun isaanirra ture. Osoo baay'ee hin turiin xiyyaarichi nagaan qubate. Rakkoon isaas paayiletii malee ofiin kan of to'atu (Auto Pilot) waliin kan walqabte akka ta'e kan ibsame yoo ta'u, hanga tokkos saffisaan sirreeffameera. Xiyyaarichi bulee barii gara Biraaselsitti qajeeluun isaan booda idileedhaan balali'aadhuma jira. Ta'us garuu, tateen Biraasels kun rakkoo gabaafame tokkicha hin turre. Ameerikaatti qaamni tajaajila geejjiba qilleensaa dhiyeessu kamiyyu ykn buufanni suphaa xiyaara rokkoo godhate ykn hir'inni yoo mul'tu qaama aveeshinii kana to'atu, Bulchiinsa Aveeshinii Federaalaatiif "Gabaasa Rakkoo Tajaajilaa" jedhamee karaa beekamuun beeksisuutu irra jiraata.
Xiyyaarri Boeing 737 MAX erga hojiitti deebiyeen booda gabaasawwan 180 ol ta'an irratti dhiyaataniiru. Rakkoowwan garri caalan xiyyaaroonni yeroo lafarra jiran irratti ta'anillee mudannoowwan 22 ammoo osoo balali'aa jiranii kan muatan yoo ta'u, isaan keessaa ammoo afur kan paayiletoonni balaawwan tasaa jechuun iyyata dhiyaaffatanidha. Paayiletoonni Ameerikaa rakkoo motoraa mudateen dabalataan yeroo lama balaawwan tasaa gabaasaniiru. Taateewwan kunneen tarreeffama odeeffannoo Bulchiinsa Aveeshinii Federaalaa keessatti argamuu baatanillee, aveeshinii daldalaa keessatti balaawwaniifi taateewwan kan tarreessu marsariitii Aveeshiin Heraald keessatti ni argamu. Rakkoowwan kunneen kan mudatan walakkaa baatii Onkoloolessaa irraa kaasee xiyyaarota Ameerikaa 160 ta'an irrattidha. Kanneen keessa hangi tokko sababii rakkoo elektirikaan torbanoota hedduuf akka tajaajila hin kennine taasifamaniiti. Gabaasaaleen rakkoo tajaajilaa xiyyaarichaa waliin walqabatan to'ataa geejjiba xiyyaaraa Kanaadaa kan ta'e, Kanaadaa Tiraanspoortiitiin ifa baheera. Odeeffannoowwan jiran akka agarsiisanitti, xiyyaarota Kanaadaa Boeing 737 MAX 56 keessaa 19 kan ta'an kan irratti gabaafame yoo ta'u, isaan kana keessaa shan ammoo osoo balali'aa jiranii akka mudatan kan agarsiisudha. Boeing 737 MAX ammallee hordoffiin ol aanaa ta'e irratti gaggeeffamaa kan jiru yoo ta'u, xiyyaaronni kunneen bara 2019 keessa ji'oota 20f akka tajaajila hin kennine kan taasifaman balaa sukkaneessaa lama namoota 346 akka du'aniif sababa ta'e horofeeti. Dhiyeenya kana Boeing balaa xiyyaara 737 MAX Daandii Qilleensaa Itoophiyaa mudateen maatii namoota 157 du'anii waliin waliigalteerra gaheera. Kampaaniin xiyyaara omishu kun namoota balaa qaqqabeen du'aniif itti-gaafatamummaa akka fudhatu kan hime yoo ta'u, kana gochuun ammoo kampaaniin kun miidhaa qaqqabsiiseef maatiin namoota balaa sanaa lubbuu dhabanii akka adabamuuf mana murtii irratti hin gaafatan.
Kampaaniin xiyyaara omishu kun namoota balaa qaqqabeen du'aniif itti-gaafatamummaa akka fudhatu kan hime yoo ta'u, kana gochuun ammoo kampaaniin kun miidhaa qaqqabsiiseef maatiin namoota balaa sanaa lubbuu dhabanii akka adabamuuf mana murtii irratti hin gaafatan.
Kanaafuu namtichi kun xiyyaaricha keessa kan dhukate Afriikaa Kibbaa ykn Keeniyaatii akka ta'e ammatti adda hinbaane.
Belaarus: Gaazexeessaa tokko to'achuuf xiyyaarri balali'aa ture kallattii isaa jijjiiree akka qubatu dirqisiifame Xiyyaarrii Ryanair, Giriik irraa gara Lituyeeniyaa imalaa ture Dilbata balalii isaa saatii dheeraaf gara Beelaruusitti akka geeddaruu kan taasifame, gaazexxeesaa xiyyaaricha keessa ture to’annoo jala oolchuuf akka ta’e rooggeeyyonni himan. Biyyootiin Awurooppaa gocha kanaan dheekkamuun, Belaarus ‘biyya shororkeessumma’ rawwatteetti jechuun himatu. Gulaalaa miidiyaa Nexta group kan ture, Rooman Pirotaseevich, xiyyarrichi deebi’ee balalii akka itti fufuuf hayyamamuu isaan dura to’annoo jala oolfameera. Miidiyaaleen Beelarus akka jedhanitti, xiyyarri waraanaa MiD-29 xiyyaara kana gara bira balali’uun Miniski akka qubatu kan taasifame soda boombiin jira jedhuun ta’uus boombiin garuu hin argamne. Xiyyaarichi imala isaatti deebi’ee kan magaalaa guddittii Lituyeeniyaa, Vilniyuus, kan qubate saatii karoorfame irra gara saatii torbaa ol barfateeti. Imaltoonni xiyyaaricharra turan maaliif imalli isaanii gara Miniskitti akka geeddarame odeeffanoon homaa akka hin kennamneef himu. Imalaan tokko akka jedhutti gazeexxessaan Pirotasevich “baayyee sodaate ture. Yeroon ijasaa keessa ilaaluun, bayyee nama gaddisiisa,” jedha. Imaltuun biraa Moonikaa Simkiyeene, “galagalee namoota ilaalee, murteen du’aa akka irratti murtaa’eeru dubbate,” jechuun AFP’tti himteetti. Ammatti Gamtaan Awurrooppaafi NATOn dhimma kana furuuf wamicha dhiyeessaniiru. Hogganaan mormituu Beelaruus Sivetlaanaa Tikhanoovsikayaa, kan filannoo bara darbee injifatame, namoota Pirotasevich akka bilisaan gadhiifaman gaafatan keessa tokkodha. Xiyyaarichi akkamiin balalii akka geeddaru taasifame? Balaliin FR4978 Ateensirraa gara Vilbiyu utuu imaluu daangaa Lituyeeniyaa seenuuf muraasi yeroo isaaf hafu imala isaa gara Miniskitti jijjiire.
Balaliin FR4978 Ateensirraa gara Vilbiyu utuu imaluu daangaa Lituyeeniyaa seenuuf muraasi yeroo isaaf hafu imala isaa gara Miniskitti jijjiire. Xiyyaara kanarra imaltoota 171’tu ture. Dandiin xiyyaraa Ryanair ibsa kenneen, “yaddoon nageenyaa waan jiruuf buufata xiyyaara dhiyoo jiru, Miniskii buufadhaa jechuun To’annoon Tiraafikaa Qilleensa Beelaarus,” hojjattoota xiyyaarichaa ajajeera jedha. Odeeffannoon marsaritii Flightradar24 irra jiru akka mul’isutti, xiyyaarichi buufata Miniski caalaa kan Vilniyusitti dhiyaatee jira ture. Ibsa kanaan Ryanair gulaalamuu isaaniif imaltoota dhiifama gaafatus waa’ee Pirotasevich hin dubbanne. Gaazexxessaan kun to’annoo jala ooluu isaa jalqaba kan gabaase Miidiyaan Nextaadha. Xiyyaarichiifi imaltoonni sakkata’amnii Pirotasevich to’annoo jala oolchameera jechuun gabaaseera. Miidiyaan mootummmaa Beelarus, Belta jedhamu akka gabaasetti xiyyaarri kun akka Miniskii qubatuuf ajaji isaa kan dhufe pireezdaantii biyyatti Lukesheenkoo irraadha. US, UK, Gamtaa Awurooppaa (EU) fi Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii (UN) dabalatee biyyootiin lixaa hedduu gocha kan balaaleffachuun mormii isaanii dhageesisaniiru. Gazeexxessaan Pirotasevich ,ganna 26, Belaarus keessaa kan ba’e bara 2019tti yoo ta’u, wa’ee filannoo biyyatti 2020 irratti miidiyaa Nexta waliin gabaasa erga ture booda, Belaarus keessatti himannaan yakkaa irratti banameera. Akka shororkeessatti waan himatameef Belaarus keessatti murteen du’aa irratti murtaa’u akka malu himameera.
Xiyyaara Iraan: Misaa'eelli Tor-M1 jedhamu xiyyaara Yukireenitti akka haleelame Iraan mirkaneessite Miisaa'eeloonni xiyyaara Yukireen haleelan lamaan miisaa'eeloota Raashiyaatti hojjataman kan Tor-M1 jedhaman akka ta'e Iraan mirkaneessite. Dhaabbanni Siiviil Aveeyiishinii Iraan miisaa'eelonni Raashiyaatti hojjataman kunneen kaabarraa furguggifame. Loltoonni Iraan xiyyaara Yukireen imaltoota 176 qabatee Amajjii 8 imalaa ture dogoggoraan rukutame jedhan. Guyyoota sadi haleellaan eega raawwate booda haalaa kan turan yoo ta'u Dhaabbanni Siivil Aveeyiishinii Iraan rakkoon teeknikaa mudachuu danda'a jedhee ture. Haa ta'uu malee eegdoonni Iraan akka jedhanitti oppireetarri xiyyaara Boeing 737-800 dogoggoraan miisaa'eela Ameerikaa se'ee haleele jedhu. Humni ittisa qilleensarraa Iraan yeroo sanatti Ameerikaan jeneeraal Qaasim Soleemaanii haleellaa qilleensaarraatiin waan ajjeefateef si'aa'innaan of eeggachaa ture. Gabaasni marroo lammaffaarratti xiyyaarichi miisaa'eelli Tor-M1 jedhamuun akka haleelame Dhaabbanni Siivil Aveeyiishinii Iraan mirkaneesseera. Miisaa'eela kana 'Nato'n SA-15 "Gauntlet" jechuudhaan waama. Haa ta'uu malee gabaasichi qeeqa haleellaa miisaa'eelichaa dhiisuun akkas jedha "dhiibbaan miisaa'elichi geessiseefi xiinxalli gochichaa qoratamaa jira." Viidiyoo marsaalee hawaasummaarratti namoonni waliif qoodaa turan akka agarsiisutti xiyyaarichi sekoondii 23 keessatti miisaa'ela lamaan rukutamee ture. Gabaasni Dhaabbata Siivil Aveeyiishinii Iraan akka jedhetti qorattoonni Iraan odeeffannoo xiyyaarichaafi waraabbi sagalee "black boxes" jedhamu hubachuuf "akka rakkatanii" ibsa. Achi booda gaafii gargaarsa meeshaa ittiin qoratanii dhaabbata Faransaayii BEA jedhamuufi dhaabbata Ameerikaa tokkoof dhiheessaniiru.
Achi booda gaafii gargaarsa meeshaa ittiin qoratanii dhaabbata Faransaayii BEA jedhamuufi dhaabbata Ameerikaa tokkoof dhiheessaniiru. Ta'us garuu dhaabbilee lameen "hamma ammaatti deebii hin kennine " jedha Dhaabbata Siivil Aveeyiishinii Iraan. "Meeshaan gahaan yoo nuu dhiyaate odeeffannoo fudhannee yeroo gabaabaa keessatti waan hunda ni xumurra," jedhan. Boeing 737-800 diizaayiin isaa Ameerikaa keessatti yoo ta'u motorri xiyyaarichaa immoo dhaabbata 'Safran and General' kan qabeenyummaansaa Faransaayi-Ameerikaa ta'een hojjatame. Bakka bu'oonni Yukireeniifi biyyoota afur taatee kanaan lammiileesaanii dhaban- Kaanaadaa, Iswiidin, Afgaanistaanfi UK Iraan qorannicharratti qorattoota biyyoota biraa waliin walii galuushee himaniiru. Dabalataanis "Iraan nageenyummaa idiladdunyaawaaf jettee hayyamuunshee baay'ee barbaachisaadha. Akkasumas beenyaa kaffaluudhaan itti gaafatamumaa guutuu fudhachuu qabdi." Gaafa Sanbataa hogganaan Dhaabbata Siivil Ayiiveeshinii Iraan Hasan Reezaayifar 'black boxes' qorannoodhaaf gara Yukireen ergamuu akka danda'u himaniiru. Ta'us garuu guyyaa itti aanu Obbo Hasan miidiyaa biyyaalessaa, Iraan irratti akkas jedhan: "Nuti 'black box' erguuf karoora hin qabnu." MM Kaanaadaa Justin Trudeau Iraan 'block box' qorachuudhaaf humna teeknooloojis ta'e ogeeyyootaa hin qabdu jedhan. "Hawaasa idil addunyaa biratti qorannoo akkanaa geggessuuf Faransaay wayyaa qabdi kanaaf Iraan garas akka ergituuf Iraan irratti dhiibbaa ni goodhan," jedhan.
Gurbaa maqaa ‘Sooressaa’ moggaasaniif qoonqoon cooligsite Erga wal waraansa dhaabuuf waliigalteen nagaa mallattaa’ee naannoo Tigraay gargaarsi galaa jira. Haata’u malee, daa’imman umuriin isaanii wagga shanii gadi ta’an sadii keessaa tokko ammallee hanqina nyaataan hubamaniiru. Haftom amma daa’ima umuriin isaa wagga shan guutuuf xiqqoon isa haftuudha. Afaan Tigirinyaatiin hiikni maqaa isaa ‘Sooressaa/Duureessaa’ akka jechuuti, garuu gurbaan kun yeroo ammaa ulfaatin isaa hanga silaa gahuu qabu walakkaan hir’ateera. Yeroo doktorri harkaafi miilla isaa foon irraa dhumee akka malee qallateeru agarsiisuuf qomeefi mutaantaa isaa irraa ol harkisu haati daa’ima kanaa callisteedhuma miira adoodaa tokkoon ilaalti. Dubartiin kun maqaashee himachuu hin barbaadne. Kun erga wagga lamaa as wal waraansi Itoophiyaa Kaaba biyyattii jalqabee beelaafi hanqina nyaataa qabatamaan naannoo Tigraay keessatti mullatuudha. Waliigalteen nagaa mallattaa’e lolli sun akka dhaabatu taasiseera, garuu miidhaa inni qaqqabsiise akkuma jiruttiidha. Hagayya keessa, UN akka tilmaametti Tigiraay keessatti daa’imman umuriin isaanii wagga shanii gadi ta’an sadii keessaa tokko hanqina nyaataan miidhamaniiru. Yeroo loltoonni mootummaa Federaalaafi humnoonni Tigraay wal lolaa turan, aanga'oonni Itoophiyaa gargaarsa gara kaabaa seenu daangessuun ykn dhorkaa cimaa kaa’uun sirriitti cufanii turan. Maakdaan daa’ima umuriin ishee walitti bu’insa kaabaa kana waliin walqixa taatedha. Kaasuu haadhaa ishee Hiwoot keessaa mul’atti, garuu humna hin qabdu, hin sochootu, marrumaan ishee ammoo baayyee dhifamee mul’ata. “Nyaata argachuun baayyee rakkisaa ta’eera,” jetti Hiwoot. “Guyyaatti takkaa argatanii nyaachuun baayyee rakkisaa ta’eera.” Hospitaala geessitus haalli Makiidaa ammallee ittuu itti hammaataa dhufeera.
“Intalli koo haala kana fakkaatu keessatti argamti sababiin isaa ammoo qorichi akka hin jirre nutti himame, waan tokkoyyu argachuu hin dandeenye,” jetti Hiwoot. “Sababa rakkoo walfakkaatuuf bara darbes as turre, waan tokkollee argachuu waanan hin dandeenyeef harka qullaan manatti deebiye.” Maatiin Haftom fi Makdaa magaalaa guddoo naannoo Tigraay, Maqalee deemanii gargaarsa barbaadaa jiru. BBCn ji’a darbe keessa ture kan isaan waraabeefi gaaffiifi deebii waliin taasise. Hagayyaan booda, wayita humnoonni mootummaa Federaalaa bakka baayyee to’ataa deemanitti, aanga’oonni Tigraay dhukaasa dhaabuuf waliigalan. Akka waliigaltee nagaa jalqaba ji’a darbee mallattaa’eetti, aanga’oonni mootummaa Federaalaa gargaarsi dabalataa akka gara naannichaa galu ni goona jedhan. Dr Kibrom Gabresillasee Hospitaala Riferaalaa Haydar keessa wallaansa baqaqsanii yaaluun waggoota 15 tajaajileera. Hospitaalli kun naannoo baayyina uumataa miliyoona torba qabuuf hundaa ol guddaa kan ta’edha. “Daa’immaniifi haadhotiin yeroo rakkataniifi boo’an guyyaa guyyaan arguun sukanneessaadha,” jedha Dr. Kibrom. “Hospitaala keenya keessatti daa’imman hedduuti du’e sababiin isaa ammoo daa’imni takkaa rakkoo hanqina nyaataan dhibamnaan, wanti kennituuf nyaata qofaa hin ta’u. Qoricha, antiibaayotikii, mineraalaa [albuuda],…fi kaan barbaachisaaf nuti ammoo kana hin qabnu.” Wanti barbaachisu hangi tokko waan dhufaa jiru fakkaata garuu gahaa miti. Dr.Kibrom akka jedhutti, konkolaataawwan Koree Fannoo Diimaa Addunyaa (ICRC) lama qoricha qabatan magaalaa Maqalee qaqqabuudhaaf warra jalqabaati. “Hanga qoricha nuti argannee wallaanamtoota keenya walakkaaf qofa kan gahu yoo ta’u guyyaa tokko qofaaf tura,” jedhe. Guyyaa guyyaan gargaarsi hospitaalicha hin qaqqabu taanaan, dhukkubsattoonni caalaa du’uu danda’u.
“Dhukkubsattoota kaanserii fudhadhumee, haalli isaa baayyee yaaddessaadha. Guutummaa Tigraay keessa Kemooteraappiin hin jiru,” jechuun dubbata Dr. Kibrom. “Guyyaa guyyaan, torban torbaniin, ji’a ji’aan haalli dhibee kaanserii isaanii hammaachaa deema. “Duraan kan wallaanamuu danda’u osoo ta’eeyyu ammo kan hin danda’amne ta’a. Namoota baayyee dhukkubsataa jiraniif tokkoo tokkoon guyyaafi sa’aatii murteessituudha.” Walakkaa ji’a Sadaasaarraa kaasee hanga torban jalqabaa Muddeetti, mootummaan Itoophiyaafi dhaabbileen gargaarsaa konkolaataawwan nyaata, dahoofi qoricha fe’an 1,600 ol akka ergan UNtti waajirri gargaarsa namoomaa himeera. IRCRN mataan isaa walakkeessa Sadaasaa irraa kaasee yoo xiqqaate konkolaataawwan 38 Maqaleetti akka erge himuun ammallee kan biraan karaarra jiru jedheera. “Dhaabbileen gargaarsa namoomaa dhiyeessan hundaan carraaqqiin hunduu taasifamaa jira garuu hanga barbaadamuun wal bira qabamee yoo ilaalamu gahaa miti,” jedhan dubbi-himaan ICRC dame Itoophiyaa Jude Fuhnwi. Fedhiin jiru baayyee guddaadha.. Ji’oota ja’an itti aanan keessa UNtti Sagantaan Nyaata Addunyaa (WFP) gargaarsa atattamaa uummata Tigraay keessaa miliyoona 2.1 qaqqabsiisuurratti xiyyeeffateera. “Erga waliigaltee darbeetii as wantonni baayyee jijjiiramaeera,” jedhan bakka bu’aafi gorsaa Kantirri Daarektarii Itoophiyaa WFP Claude Jibidar. “Walitti bu’insa waggaa lamaan booda, halkan tokko keessatti gara bakka duraan tureetti deebiyama jennee hin eegnu.” Humnoonni Federaalaa bakkawwan gara kaabaa naannawaa Shiree to’atanis Maqaleen to’annoodhuma mootummaa Tigraay jala jirti. Hospitaala Ayder kutaa biraa keessatti barsiisaan soorama bahan, Fiqaaduu Jambar ji’oota sadan darban keessa wallaansa dhibee sukkaaraaf qoricha isaaniif ta’e argachaa akka hin jirre dubbatu.
Hospitaala Ayder kutaa biraa keessatti barsiisaan soorama bahan, Fiqaaduu Jambar ji’oota sadan darban keessa wallaansa dhibee sukkaaraaf qoricha isaaniif ta’e argachaa akka hin jirre dubbatu. “Nuti as wallaansa argachuu dhufna, meeshaaleen harki caalan ammoo tajaajila kennaa hin jiran. Bakka biraallee deemuuf ni yaalla garuu sababa sochiin dhorkamee tureef eessayyu deemnee wallaanamuus hin dandeenye,” jedhu. “Namoonni baayyeen sababa kanaaf du’aa jiru. Erga waliigalteen nagaa buusuu mallattaa’ee, qoricha ni arganna jennee abdanna garuu hanga ammaatti wanti qaqqabe hin jiru.” Doktoroonni dhiyeessiiwwan baayyee bu’uura ta’an hin qaban. “Wallaansa baqaqsanii yaaluu taasisuudhaaf giloovii gahaa hin qabnu. Hanga si’a sadii fayyadamuudhaaf irra deebinee dhiqnee irra deebiin itti gargaramna,” jedha Dr. Kibrom. “Wallaansa dhiiga kennuu dhiyeessuu hin dandeenyu sababiin isaa ammoo karaxiitii dhiigaa hin qabnu. Kanaaf, yoo dhukkubsataan dhiiga kan barbaadu ta’e, wallaansa baqaqsanii yaalii taasisuu ni dhiifna,” jechuun ibse. Doktarri biraa achuma Hospitaala Ayder keessa hojjetuufi maqaan isaa akka hin eeramne barbaadu qoricha gahaa argachaa akka hin jirre hima. “Hospitaalichi loltoota madaa’aniifi siviliyaanota dhukkubsataniin guutameera,” jedha doktorri kun. “Hedduun isaanii ammoo gargaarsa argachaa hin jiran.” Wanti gaariin tokkicha aanga’oonni Federaalaa raawwatan ibsaa Maqaleef deebisuudha jedhan. Hospitaalichi dhiyeenya kana akka tiwiit godhetti, qorichoonni HIV fi meeshaa ittiin qoratan dhufuu jalqabaniiru. Haata’u malee, warri salphaatti caalaa saaxilaman gatii guddaa kaffalaniiru. “Ani egeree foyyee qabu akka ishee mudatun barbaada,” jetti haati Maakdaa, Hiwoot. “Wantan yaaduu danda’u yoo jiraate kana qofaadha.”
‘‘Nuti waan darbe booddetti dhiisuf qophiidha’’- TPLF Dubbi Himaan Adda Bilisa Baasaa Tigraay (TPLF) Obbo Geetaacho Raddaa gareen finciltootaa ‘‘rakkoolee siyaasaa karaaa nagaa fi haalaa siyaasaatiin furuudhaaf qophii ta’usaanii’’ BBCtti himan. Obbo Geetaachoon turtii sagantaa BBC Hardtalk waliin taasisaniin, TPLF fi mootummaan federaalaa waliigaltee waraana waggoota lamaaf gaggeeffamaa ture dhaabuuf jalqaba baatii Sadaasaa mallatta’e hojiirra oolchuuf hojjataa akka jiran himan. Obbo Geetaachoon wayita Maqalee irraa karaa viidiyootiin Stephen Sachur waliin turtii taasisaniitti, ‘‘hanga fedhiiwwan nageenyaa Tigraay eegameetti, meeshaalee waraanaa cicimoo kennuuf TPLF hayamamaadha’’ jedhaniiru. Itti dabaluunis, ‘‘Dararama waggoota lamaatiin booda boqonnaa ummanni keenya argachuu qabu mirkanneessuudhaaf jecha, kan darbe booddee keenyaatti dhiisuuf qophaa’oodha’’ jedhan. Waraanni naannicha keessatti waggoota lamaaf gaggeeffames kumaatama lubbuu yoo dhabsiisuu, rakkoonni namoomaa Kaaba biyyattii keessatti akka uumamuuf madda ta’eera. Mootummaan federaalaafi bakka bu’oonni TPLF waliigaltee nagaa Afriikaa Kibbaatti mallatteessan hordofees dureewwan waraanaa gama lamaanii haala itti humnootiin TPLF hidhannoo hikkataniifi tajaajilloonni buu’uuraa waggoota lamaan darbaniif naannichaatti adda citanii turan itti deebii’uun tajaajila kennnan irratti waliigaltee mallatteessanii ture. Obbo Geetaachoonis, ‘‘Hanga fedhiiwwan nageenyii naannichaa kabajameefi waldhabdeen siyaasaa karaa nagaatiin furameetti sababiin meeshaa waraanaa qabaannuuf hin jiraatu’’ jedhe. Waraanichi osoo hin eegalamiin dura meeshaalee waraanaa hunda akka hin qabne kan kaasan Obbo Geetaachoon, ergasumaa lolanii diinoota isaanii irraa meeshaalee waraanaa hedduu hidhachu akka danda’an himan. Haala waliigaltee mootummaa federaalaafi TPLF jidduutti mallattaa’en, humnootiin TPLF baatii tokko keessaatti hidhannoosaanii akka hiikatan ture.
Kun maali irratti akka argamu kan gaafataman Obbo Geetaachoon, ‘‘Ergasii gama keenyaan wanta raawwachuu qabnu gochaa jirra. Garuu kan keenya qofaan kan xumuramu miti hodhannoo hiikkachiisun. Haala qabatamaa nageenyaa naannicha keessa jiru irratti hundaa’uun kan raawwatamuudha’’ jedha. Itti dabalunis hidhannoo hiikkachiisuun dhimma siyaasaa baatii tokkicha keessatti qofaa raawwatamu miti kan jedhan Obbo Geetaachoon, ‘‘Baatii miti, hanga wagga fudhachulleen ni mala,’’ jedhen. Heera mootummaatiin akka abboomaman kan mirkanneessan qondaalli TPLF kun, ‘‘dureewwan waraanaa gama lamaanii guyyaa guyyaan waan waliin haasa’aa jiraniif, hidhannoo hiikkachiisun turus akka hojiirra oolu nan amana’’ jedhan. Amma gutuummaan Maqalee to’atee kan jiru hunmoota TPLF ta’u kan himan Obbo Geetaachoon, ‘‘sababii Heera Mootummaa biyyatiif harka kenniineef humnootiin federaalaa dhaabbilee mootummaa federaalaa naannicha keessaa akka bulchaniif walii gallee’’ jedhan. Dhaabbileen akka buufataalee xiyyaaraa kan mootummaa federaalaa yoo ta’u, heerichi naannoolee dhimmota kaan akka ofiin bulfatan mirga kennas jedhan. ‘‘TPLF waraanaan moo’ameera, kana amantaa? Boromtaa waliigalteen nagaa Afriikaa Kibbaatti mallattaa’e MM Abiy Ahimad injifanneera jedhe,’’ jechuun Stephen gaaffii dhiyeessefii ture. Obbo Geetaachoon, ‘‘Lakkii gonkumaa hin hin mo'atamne. Waraanni kan ummataati… Kanaafuu karaa nagaanitinis ta’ee karaa waraanaatiin, kaayyoon keenya mriga ummata keenyaa kabachiisuudha. Hanga ammaattis kan raawwate waraanaa dhaabuudha’’ jedhe. Ummannii Tigraay waliigaltee nagaa haalli itti didu hin jiraatu kan jedha Obbo Geetaachoon, ‘‘Hidhannoo hiIkkachuunis kan eegalamu akkasumaan lafaa ka’ame osoo hin taane erga humnootiin Ertiraafi kaan naannicha keessa bahanin booda’’ jedhan.
Yoo humnotiin Ertiraa naannicha keessaa hin baanee waliigaltichi ni diigamaa? Gaaffii jedhuuf deebii kan kennan Obbo Geetaachoon, ‘‘Waliigaltichi guutummaan diigamuu kan danda’u yoo gama mootummaa Itoophiyaatiin diigame qofaadha. Gama keenyaan humnoonni biyya biraa fi kanneen qaama raayyaa ittisaa hin taanee hanga jiraniitti hidhannoo hin hiikkannu.’’ Waraanaa waggaa lamaan dura naannicha keessatti eegalee isaan irratti fe’amee malee isaan akka hin eegale kan himan Obbo Geetaachoon, osoo hin ta'in hafee ta’e jedhanii akka yaadan kaasu. Karoorri waliigaltichaas namoota miiliyoona naannichatti deegarsa nyaataa eeggataa jiruuf deeggarsi namoommaa atattamaan akka seenuuf daandii akka saaquu yaadamee ture. Dhaabbanni Nyaata Addunyaa baatii Hagayyaa keessaa namoonni miiliyoona shanii ol naannichatti hir’ina nyaataa hamaan mudateera jedhee ture. Haa ta’u malee haala barbaadameen gargaarsi galaa jiraachuu irratti mamii qabaachu kan himan qondaalli TPLF kun, ammas mootummaan federaalaafi dhaabbileen deeggarsaa gaheesaanii bahuun rakkoo namoommaa naannicha keessaa akka furaniif waamicha taasisan. "Gama himannaawwan sarbama mirga namoomaa ilaallatuun ejjannoon keenya walfakakataadha. Qorannoo walabaatiif of kenniineera’’ kan jedhan Obbo Geetaachoon, bu’aan qorannoo balleessaa nurratti argu yoo jiraateef itti gaafatamummaa gutuu fudhachuuf qophiidha’’ jedhan. Itti dabalunis, loltoonni isaanii ta’e jedhanii sarbama mirga namoomaa kamuu keessatti akka hin hirmaannee himan. Garuu qorannoon walabaa yoo gaggeeffamee ittigaafatamummaa fudhachu qophii ta’u dubbatan. Waa’ee gara fuulduraa ilaalchises, waliigaltee mallattaa’een ‘‘MM Abiy Ahimadiifi mootummaa federaalaa galiigaltee kana qajeelummaan akka hojjatu ni amantu? gaaffii dhiyaateefii ture. Obbo Geetaachoonis, ‘‘Isaan amanun na hin barbaachisu garuu ilaalcha gaarii qabaachuun, waan gaarii hawwaa, hamaa dhufuuf ammoo qophaa’udha.
Obbo Geetaachoonis, ‘‘Isaan amanun na hin barbaachisu garuu ilaalcha gaarii qabaachuun, waan gaarii hawwaa, hamaa dhufuuf ammoo qophaa’udha. Ammatti waliigalteen kun hojiirra oolee dararaan ummannikoo akka dhaabbatuuf waan danda’amu hunda gochurratti xiyyeeffachu wayya,’’ jedhan.
MM Abiy uummatni malaammaltummaa akka saaxilu waamicha godhan Mootummaan Itoophiyaa malaammaltummaarratti duuluuf koree biyyaalessaa ijaaruu waajirri Ministirri Muummee Abiy Ahimad beeksise. ''Malaammaltummaan ammaan tan yaaddoo nageenya biyyaalessaa ta'eera'', ibsichi. Ibsi hundeeffama koree biyyaalessaafi miseensota koree kanaa ibsuuf fuula marsaalee hawaasaa Ministira Muummee Abiy irratti baheen ''Yeroo adda addaatti marii hawaasa waliin godhameen haala yaaddoo nageenyaan qixa ta'een malaammaltummaan gufuu imala badhaadhinaa keenya ta'uu kaasaniiru'' jedha. Yakki malaammaltummaa guddaan gama kenninsa tajaajilaa, dhimma lafa wajjin walqabateen, damee faayinaansii, adeemsa bittaafi gurgurtaa, waltajjiiwwan haqaa, dhaabbilee misoomaa fa'atti mul'achuus ibsa. Itoophiyaan amma dura Komishinii Farra Malaammaltummaa hundeessitee qabaattus hamma irraa eegamu hin bahanne jedhamuun qeeqama. Aangoon labsiin kennameefis hubannaa kennuufi eeruu fudhachuu fa'atti daangeffame. Ibsi waajira Ministira Muummee kunwaraanniifi weerarri koronaa xiyyeeffannoo mootummaa fudhachuu hubachuun malaammaltootni neetwoorkii jabeeffatanii ''Itoophiyaa kuffisuuf hojjechaa jiraachuu mariin uummata waliin godhameefi qorannoon agarsiiseera'' jedha. ''Mootummaan gama nageenyaan akkuma godhe malaammaltummaa irrattis opireeshinii keessa deebii hin qabne gaggeessuu akka qabu bu'aan qo'annoo godhamee ni akeeka.'' Mootummaan seerota, qajeelfamootaafi dambiiwwan malaammaltummaaf qaawwa uuman duuchuuf ni hojjetas jedhameera. Dabalataanis aanga'oota mootummaa dabalatee kanneen gocha kana keessatti hirmaatan saaxiluufi seeratti dhiyeessuun ni hojjetama. ''Mootummaan akka qorannoon irra gaheen aanga'oota mootummaa, hojjettoota mootummaa kanneen malaammaltummaa kana gidduu deemuun si'eessan, kanneen matta'aa kennan irratti qorannoo gaggeessaa jira.''
''Mootummaan akka qorannoon irra gaheen aanga'oota mootummaa, hojjettoota mootummaa kanneen malaammaltummaa kana gidduu deemuun si'eessan, kanneen matta'aa kennan irratti qorannoo gaggeessaa jira.'' Koree biyyaalessaa ijaarame kanaaf miseensotni nama torba kan muudaman yoggaa ta'u, hogganaan waajira Tika Biyyaalessaa obbo Tamsagan Xurunaa fi Ministirri Haqaa biyyattii Dr Geediyoon Ximootiwoos ni argamu. MM Abiy ibsa isaanii kanaan uummatni namoota malaammaltummaan shakku ragaa waliin koree kanaaf eeruu akka kennu sarara bilbilaa bilisaafi toora ergaa gabaabaa ifa godhaniiru. ''Eeruuwwan kennaman nageenya warra eeruu kennee haala tiksuun eeggannoon iccitummaa isaa eegeen qoratama.''
Ajajoonni waraanaa mootummaa Itoophiyaafi TPLF waan mari'atanii irra gahan ummataaf ibsuufi Mootummaa Itoophiyaa fi humnoota TPLF gidduu mariin torban kana Naayiroobiitti taasifamaa ture bu'aansaa ibsa har'a kennamuun barama. Waraanni Kaaba Itoophiyaa waggaa lama kan lakkoofsise yoo tahu mootummaa fi TPLF Afrikaa Kibbaatti waliigaltee nagaa buusuu mallatteessuun boodadha mariin Naayiroobii kuni kan itti fufe. Afrikaa Kibbaa Piriitooriyaatti Sadaasa 2,2022 waliigalteen mallatteefame, waraana dhiiga namoota kumaan lakkaa'aman dhagaalaase dhaabuu, nagaa waaraa fiduu, deeggarsa namoomaafi bu'uuraaleen misoomaa akka dhiyaatan gochuu akkasumas TPLF waraana hiikachuu dabalata. Haala kanaan waliigalteen mallattaa'uun sa'atii 24 keessatti qaamoti lameenuu hoggantoonni waraanaa isaanii haasaa akka taasisan kan ibsame yoo tahu, guyyaa shan keessatti immoo haalli hidhannoo hiikkachiisuu hojiirra akkatti oolu karoora qabameen Naayiroobitti mari'achaa turaniiru. Wiixata irraa kaasee mariin cufaatti adeemsifamuu jalqabe guyyoota sadiif qofa akka turu himamus guyyoota dabalataa lamaaf dheeratee hamma Jimaataatti tureera. Naayiroobii wiirtuu Kaaran Mooranitti qaamota lameeniifi kanneen jaarsummaan tajaajilaniin alatti eenyuyyuu akka galuu gatii hin eeyyamamneef hamma yoonaa haalli jiru, adeemsa marii fi bu'aa argame irratti waanti barame hin jiru. Guyyaa jalqabaa marii kanaa irratti qaamoti lameen jiraattoota Tigraayiif deeggarsi namoomaa dhorkaa tokko malee akka dhiyaatuuf taasisuun dhimma yeroon hin kennamneef tahuusaa akkasumas bu'uuraaleen misoomaas saffisaan hojii akka eegalan ni taasifamaa jedhaniitu turan. Gorsaa nageenya biyyaalessaa ministira mummee Obbo Reediwaan Huseen Jimaata darbe ergaa Tiwiitar isaanii irratti kaa'aniin, haala kanaan dura tureen addatti gargaarsi gara Tigraayi galaa jiraachuu himaniiru.
Gorsaa nageenya biyyaalessaa ministira mummee Obbo Reediwaan Huseen Jimaata darbe ergaa Tiwiitar isaanii irratti kaa'aniin, haala kanaan dura tureen addatti gargaarsi gara Tigraayi galaa jiraachuu himaniiru. Tahus dubbii himaan TPLF Obbo Geetaachaw Raddaa haalli gargaarsaa akka jedhamu akka hin taane AFP'tti himaniitu turan. Mootummaan gamasaan hulaawwan gara Tigraay geessan marti deeggarsa namoomaaf banaa akka tahan Jimaata darbe beeksiseera. Waraana lubbuu namoota baay'ee galaafate dhaabsisuuf waliigaltee mallatteefamees tahe marii amma adeemsifamaa jiru kana kan hoggane Gamtaa Afrikaa yoo tahu, jaarsummaan pirezidantoonni duraanii Naayijeeriyaafi Keeniyaa akkasumas pirezidantiin itti aantuu Afrikaa Kibbaa duraanii gahee guddaa qabu.
Mootummaan Itoophiyaa Shiree, Almaaxaa fi Koram qabachuu beeksiise Raayyaan Ittisa Itoophiyaa magaaloota naannoo Tigraay keessaa Shiree, Alaamaaxaa fi Koram to'achuu beeksiise. Tajaajilli Komunikeshinii Mootummaa ibsa Onkolooleessa 18, 2022 ibsa baaseen magaaloota kanneen keessatti waraanaa tokko malee to'annoo jala oolchuu himuun, of eeggannoo cimaa Humni Ittisaa Biyyaalessaa Itoophiyaa (ENDF) fudhateen namoota nagaaf eegumsi taasifame milka’aadha jedheera. “ENDF olola TPLF jedhu deebisanii iyyisiisuudhaan warra waan hamaatu uumama jechuun farrisaaa turan oolchuu danda’eera.” Mootummaan magaalota naannoo Tigraay to’annaa ENDF jalatti deebiyan kana keessattis gargaarsi namoomaa barbaachisan akka qaqqabaniif dhaabbileen dhimmi ilaallatu waliin qindaa’uun hojjechuuf qophaa’aa jiraachuu eera ibsi kun. Haaluma kanaan toorawwan ittiin gargaarsi namoomaa geeffaman ballisuudhaaf hojjechaa jiraacuu kan eere ibsi Tajaajila Komunikeeshinii Mootummaa kun, toora Gondar irraa gara Shireetti, akkasumas karaa Kombolchaa-Dasee-Waldiyaa-Qobboo ulaa gargaarsi ittiin geeffamu banuudhaaf hojjetamaa jira jedheera. Rooytars maddeen dipplomaatiifi dhaabbilee deeggarsa namoomaa waabeefachuun akka gabaaseetti, waraanni mootummaa Itoophiyaafi humnoonni isa tumsan Onkolooleessa 17, 2022 magaala Shiree to’atan. Humnootiin Tigraay ibsa Onkolooleessaa 17, 2022 baasaniin, Magaalli Shiree "hunmoota waloo Itoophiyaafi Eritraa" galuu mirkaneesseera. Dabalataan humnoonni TPLF mootumaan Itoophiyaafi Ertiraa waliin ta'uun 'namoota nagaa ajjeesaa jiru' jechuun erga himateen booda, jiraattonni naannichaa jiraachuudhaaf jecha waraana akka itti fufaniif waamicha taasiseer. Dhimma magaalli Shiree to'atamuu ilaalchisee mootummaa Itoophiyaa irraas ta’e gama mootummaa Ertiraa irraa kan jedhame hin jiru.
Mootummaan Itoophiyaa ibsa Onkoloolessa 17, 2022 baaseen, haleellaa bal'aa humnoonni TPLF gaggeessaa jiran, qaamolee diinaa alaatiin deeggarama jechuun walabummaa biyyaatiif tarkaanfiin kaaba biyyattiitti fudhatamu itti fufe jedheera. Kanaaf ammoo buufataalee xiyyaaraafi dhaabbilee federaalaa naannoo Tigraay keessatti argaman atattamaan to’achu akka barabaadu ibseera. Humnoonni mootummaa Federaalaa magaalaa Shiree to'achuun kan dhaga'ame wayita biyyoonniifi dhaabbileen idil-addunyaa waraanni atattamaan dhaabbatee gare marii nagaatti akka deebii’amuuf gaafataa jiranitti. Barreessaan Olaanaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii (UN) Antooniyoo Guteerez, Mana Maree Nageenyaa Dhaabbata Mootummootaa Gamtoomanii (UNSEC) irratti ibsa miidiyaaf Onkoloolessa 17, 2022 kennaniin, haalli Ioophiyaa keessa jiru to’annootiin ala ta’uu himanuun, lolliifi mancaatiin sadarkaa yaaddessaarra gaheera jedhan. Itti dabalunis “Waraanni Kaaba Itoophiyaa naannoo Tigraay keessatti gaggeeffamaa jiru ammuma dhaabbachuu qaba,” jechuun waamicha taasisaniiru. Waraanaa kaaba Itoophiyaatti gaggeeffamaa jiru kanaan namoonni kumaatamaan lakkaa’aman lubbusaanii dhabaniiru. Kanneen miiliyoonaan lakkaa’aman ammoo qee’esaanii irraa buqqaafamaniiru. Waliigalteen dhukaasa dhaabuu namoomaa baatiiwwan shaniif ture Hagayya darbe cabuun waraanichi deebii’ee erga eegalee kaasee addawwan garaagaraatiin lolli gaggeeffamaa jiraachu madden himan. Komishinarri Gamtaan Afriikaa, Musaa Faakii Mahaamaat haalli waraanaa Kaaba Itoophiyaatti gaggeeffamaa jiru isa yaachisuufi atattamaan dhaabbatee deeggarsi namoomaa ummataaf akka dhiyaatu tibbana gaafatanii ture. Humnootiin Tigraayis waamicha kana simachuun haal-duree tokko malee gara mariitti akka deebii’an ibsuun, hawaasni idil-addunyaa garuu mootummaan Itoophiyaas gara mariitti akka deebii’uuf dhiibbaa akka taasisuuf gaafachuun ni yaadatama.
Humnootiin Tigraayis waamicha kana simachuun haal-duree tokko malee gara mariitti akka deebii’an ibsuun, hawaasni idil-addunyaa garuu mootummaan Itoophiyaas gara mariitti akka deebii’uuf dhiibbaa akka taasisuuf gaafachuun ni yaadatama. Haleellaa qilleensaa Sambata Onkololessa 15, 2022 magaalaa Shire irratti raawwatameen hojjataa dhaabbata lubbuu bararu International Rescue Committee ta’e tokkiifi namoonni biraa sadii ajjeefamun gabaafamee ture. Haleellaa kana ilaalchisee dhaabbiileen idil-addunyaa, aanga’oonni fi biyyoonni addunyaa hedduun waraannicha atattamaan akka dhaabbatuuf waamicha taasisuun ni yaadatama. Dara taa’aan Koree Hariiroo Alaa Seeneetii US, Boob Mendeez mootummaan Itoophiyaafi TPLF atattamaan dhukaasa dhaabuu baannaan wixinee seeraa bara 2021 keessa Itoophiyaarratti dhiyeessee ture akka murta’u gochuufan hojjedha jechuun akeekkachiisanii ture. Wixineen aanga’aan kun eeranis, seeraa Itoophiyaatti Nagaafi Dimokiraasii Jajjabeessuu [‘S.3199-Ethiopia Peace and Democracy Promotion Act of 2021,’] jedhamu kun warra carraaqqii waraana dhaabuun nagaa buusuuf taasifamutti gufuu ta’an ykn qaamoleen waraana Itoophiyaa keessatti hirmaataniif meeshaa waraanaa dhiyeessan irratti tarkaanfiin adabuu akka fudhatamu godhudha. Waraanni Sadasa 2020 Tigraayiitti eegale gara naannoolee ollaa kan akka Amaaraa fi Affaariitti babbalachuun buqqaatii miliyoonootaaf madda ta’eera. Kana malees qabeenyaan biiliyoonotaan lakkaa’amu barbadaa’u fi hedduunis bakka jireenyaa isaaniitii buqa’iin eeggattoota deeggarsa namoomaa ta’aniiru. Waraana kana marii nagaatii furuuf torbanoota lamaan dura hoggansa Gamtaa Afriikaa jalatti mariin Afriikaa Kibbaatti taa’amuuf ture qaamoolee lamaan irraayyuu hirmaachuuf hayyamamoo ta'anis argamus, sababii rakkoo ‘loojistikaa’ jedhuutiin yeroo hin murtoofneetti dabarfamuun isa ani yaadatama.
Mootummaan Itoophiyaa adeemsa marii TPLF waliin jalqabe akka itti fufu beeksise Mootummaan Itoophiyaa nagaa buusuuf jecha TPLF waliin marii taasisu akka itti fufu Pireezidant Sahaalawarq Zawudee ibsan. Har’a Fulbaana 30,2015, kora waliinii mana maree bakka bu’oota uummataafi federeshinii jalqabaa bara hojii waggaa lammaaffaa irratti pireezidantittiin haasaa taasisaniin dhimmoota bara kana mootummaan irratti xiyyeefatu yeroo ibsan kana dubbatan. '‘Haala faayidaa biyyattii kabachiiseen,’’ akkasumas '‘akkaataa waaraa,’’ taheen marii TPLF waliin taasifamu akkatti fufu ibsaniiru. Pireezidantittiin akka jedhanitti mootummaan marii itti fufu illee,’’karaan nagaa dhiisamee qoccollaan yoo raawwate tarkaanfiin ni fudhatama,’’ jechuunis ibsaniiru. Dabaluunsi mootummaan haal-duree tokkoyyuu malee, marii’achuuf fedhii qabu ibsun,’’hulaan nagaa hin cufamu,’’ jechuun jala muraniiru. Garaagarummaan kamiyyuu hiikuuf,’’ haal-duree tokko malee marii’achuuf ammallee mootummaan waamicha dhiyeessa,’’ jechuun pireezidantittiin dubbataniiru. Waamicha marii Gamtaa Afrikaa torbee darbee hordofee mootummaan Itoophiyaa haal-duree iddoo fi yeroo kamittiyyuu marii taasisuuf qophii tahuu affeerraa marii nagaa fudhachuu beeksisee ture. Haala wal-fakkaataan TPLF illee jaarsummaa Gamtaa Afrikaan marii Afrikaa Kibbatti taasifama jedhamerratti hirmaachuuf qophii tahuu ibsee ture. Haa tahu malee mariin sabattan darbe taasifama jedhame rakkoo loojistiksiin otoo hin adeemsifameen hafeera. Pireezidant Sahaaliwarqeen bara kana biyyattiin waraana keessaa akka baatuuf fedhii akka qabdu eeranii, Gamtaan Afrikaa tattaaffii nagaa taasisu akka itti fufus abdiin akka jiru himaniiru, Kana malee haasaa mana maree lameeniif taasisaniin, marii TPLF waliin taasifamuun dabalataan Komishinii Marii Biyyaalessaa garaagarummaa yaadaa akka biyyaatti jiru furuuf tattaaffii taasisu mootummaan akka deggaru ibsaniiru.
'‘Waraanni dhiiga dhangalaase hammeenya uumeefi marammartoo lolaa keessa bahuuf,’’ koomishinicha cina dhaabbachuun akka barbaachisu himaniiru. Walgahii har’a sa’aa booda taasifameen, dhimma siyaasaa, hawaassummaa akkasumas diinagdee irratti karoora mootummaan qabate pireezidantittiin ibsamaniiru. Manneen barnoota waraanaan manca’an, buufataaleen fayyaa akkasumas tajaajiloota biro deebisanii inaaruuf ALI bara 2014 hojiin akka jalqabameefi bara kanas akka ciminaan itti fufu himaniiru. Waraanaan alatti sababa koronaavaayirasiii, lolaa fi goginsaan diinagdee biyyattii irratti dhiibbaa godhus bu’aan garuu akka gamaa’e pireezidantii biyyattii eeraniiru. Bara darbee daldala al-ergii irraa galiin olaanaa jedhamu akka galmaa’e himuun galiin gibiraa harka 93.5 akka guddate akkasumas namoota miiliyoona 2.38 tahaniif carraan hojii akka uumame himaniiru. Qonni diinagdee biyyatti keessatti harka 43 qabatee akka jiruuf, dameen tajaajilaa harka 32 irra akka jiru himaniiru. Bara kana xiyyeeffannoon kennuun mootummaan waan fooyyeesuu barbaadu keessaa galii gibiraa fooyyeessuu, manca’insa qabeenyaa hir’isuu akkasumas baajata mootummaan dame hiyyummaa hir’isu irratti akka xiyyeefatu Saahaaleworq Zawudeen dubbataniiru. Gama biraan sababa walitti bu’insaan kanneen buqqa’aniif deeggarsa gochuuf akkasumas kanneen tajaajila hawaasaa kennan deebisanii dhaabuuf faayinaansii walitti qabuu irratti mootummaan hojjechuu akka itti fufus eeraniiru. Manneen barnootaa haaraa ijaaruu fi kanneen moofa’an haaromsuun akkasumas warra harka-qalleeyyii tahaniif mana ijaaruun tola ooltummaan lammiileen miiliyoona tokko ol akka deeggaraman ibsaniiru. Gama diinagdeen qaala’insa gatii hawaasa qoraa jiru gabii kennuuf, oomisha nyaataa guddisuun, cancala daldalaa ammayyeessuun oomisha gara gabaatti geessuuniifi warren galii gadi-aanaa qabaniif deeggarsa gochuun akka hojjetamus ibsaniiru.
Gama diinagdeen qaala’insa gatii hawaasa qoraa jiru gabii kennuuf, oomisha nyaataa guddisuun, cancala daldalaa ammayyeessuun oomisha gara gabaatti geessuuniifi warren galii gadi-aanaa qabaniif deeggarsa gochuun akka hojjetamus ibsaniiru. Bara 2014tti Hidhi Haaromsaa Guddichi Itoophiyaa aannisaa maddisisuu jalqabuun akka milkaa’inaatti kan dubbatan pireezidantiin kuni. Hidha kana yeroo qabametti xumuruun aannisaa maddisiisu Itoophiaan alatti biyyoota ollaaf gurguruuf karoorri akka jiru himan. Mootummaan bara bajataa qabame kanaan biyyaatti invastimantiif filatamtuu gochuun akkasumas dame tuurizimii qabbanaa’ee jiru dadammqsuuf akka hojjetu himaniiru. Uummata biratti komiin haqni keennamuu dhabuu akkasumas boodatti harkifachuurratti ka’u fooyyessuuf akka hojjetamu akkasumas hojimaata dhaabota biyyalessaa ifaa fi si’ataa gochuuf akka hojjetamus ibsaniiru.
Yirgaacaffeetti shakkamaan gaawonii eebbaa hate osoo uffataa jiruu qabame Yirgaacaffeetti shakkamaan gaawonii eebbaa fi wantoota biraa hate tokkoo osoo gaawunicha uffatuu to'atamu poolisiin BBC'tti hime. Taateen kun Fulbaana 8 , 2022 Godina Geediyoo magaala Yirgaacaffee keessatti raawwate. Guyyaa kana barataan Kolejjii Kaayizan magaala Diillaatti eebbifame eebbasaa xummuree gara maatiisaa kan Aanaa Yirgaacaffeetti argamanitti imala eegale. “Diillaatti eebbifamee maatiisaa bira sagantaan waan tureef gara naannoosaa Yirgaacaffeetti deemaa osoo jiruu ‘shaanxaan’ isaa naannoo buufata konkolaataatti hatame,” jedhan qondaalli poolisii BBCn dubbise. Korojoo miidhamaa keessa gaawuniin eebbaa, abaaboon, waraqaan ragaa barnootaafi kitaabileen akka turan kan himan Ajajaan Poolisii Yirgaacaffee Inispeektar Fiqaaduu Sisaay, korojoon kun shakkamaa Yishaaq Birhaanuun hatamuu himan. “Erga hatee boodas mana daadhii fudhatee deeme. Achitti shaanxaa keessaa baasee gaawunicha osoo uffachaa jiruu eeruu nu qaqqabeen hordofnee to’anne,” jedhan Inispeektarichi. “Inni gaawonii ta’uusaa hin beekne. Waanta biraa itti fakkaateeti kan hate,” jedhan. Gama biraatiin shakkamaan Yishaaq Birhaanuu jedhamu kunis naannoo Kibbaa godina Geediyoo jiraataa aanaa Wanaagoo ta’utu himame. “Namni kun aanaa Wanaagoo keessatti hannaan kan beekamudha. Innis gochaa kanarratti akka bobba’eefi hojii biraa akka hinqabnedha kan hime,” jedhan Inispeektar Fiqaaduun. Yeroo ammaa poolisiin shakkamaa kanarratti qorannoo taasisaaa jiraachuu himuun “wayita qorannoon xummuramutti qaama dhimmi ilaallatuuf ni dabarsina,” jedhaniiru. Mudannoon akkanaa magaalicha keessatti wanta hin baratamne akka ta’es Inispeektar Fiqaaduu Sisaay dabaluun BBCti himaniiru.
Mudannoon akkanaa magaalicha keessatti wanta hin baratamne akka ta’es Inispeektar Fiqaaduu Sisaay dabaluun BBCti himaniiru.
Bakkeen awwaalcah jumlaa kunis kan argame erga gareen IS yoo xinnaate dhiiroota miseesna isaa 28 ajjeesuu karaa viidiyootiin tamsaaseen waggoota sadiin booda ture.
Ergamaan Addaa US Maayik Haamar dhimma waraanaa Kaaba Itoophiyaa irratti ammas Finfinneetti deebi’uuf Gaanfa Afriikaatti Ergamaan Addaa Ameerikaa Maayik Haamar, dhimma waraana Kaaba Itoophiyaatti gaggeeffamaa jiruun wal qabatee baatii tokko keessatti yeroo lammaffaaf gara Itoophiyaatti imaluuf akka ta'e Waajjirri Isteet Dippaartimantii US beeksise. Ergamaan Addaa kunis waraanni humnotii Tigraayi mootummaa Itoophiyaa jidduutti gaggeeffamu atattamaan akka dhaabbatuu fi mariin nagaa hooggansa Gamtaa Afriikaatiin gaggeeffamu akka eegalamuuf gargaaruuf haaluma qaama yaaliiwwan dippilomaasii Ameerikaatti gara Itoophiyaatti deebi’usaanitu ibsame. Ibsi Waajjiirri Isteet Dippaartimantii US kaleessa, Onkolooleessa 3, 2022 baase akka jedhutti, ergamaan addaa Maayik Haamar imalasaanii Onkolooleessa 3 -18, 2022 turuun Itoophiyaa dabalatee Keeniyaa fi Afrikaa Kibbaa ni daawwatu. Kana duras Maayik Haamar waraanni Kaaba Itoophiyaatti deebi’ee eegalamee karaa nagaan akka xumuramuuf MM Abiy Ahimad fi aangawoota Tigraay arguun waliin mari'achuu Fulbaana 19, 2022 ibsa kennanii himunsaanii ni yaadatama. Maayik Haamar waraanni akka haaraatti erga eegalee booda qaamoleen waraana keessa jiran mariitti akka deebi'an gochuuf torban jalaqa baatii Fulbaana keessa guyyoota kudhaniif gara Itoophiyaa imalanii turan. Haata’u malee waliigalteen waraana dhaabuu namoomaa mootummaa federaalaa fi humnootii TPLF jidduutti baatii shaniif ture xumura baatii Hagayyaa irratti cabuun waraanni akka haaraatti eegaleera. Haala waraanaa Kaaba Itoophiyaatti gaggeeffamuu ilaalchisee maloonni komunikeshinii waan hin jirreef ifa ta’uu baatulleen, dhiheenya kana BBC suuraalee saataalaayitiin karaa daangaa Itoophiyaa fi Ertiraa irratti looltoonnii fi meeshaan waaraanaa kuufamaa jiraachuu adda baasu gabaasee ture. Ergamaan Addaa Ameerikaa kunis torban darbe keessa biyyisaanii looltoonni Ertiraa daangaa qaxxaamuruudhaan Itoophiyaa seenuu akka beekan kaasuun, kunis akka dhaabbatuuf gaafachunsaanii ni yaadatama.
Ergamaan Addaa Ameerikaa kunis torban darbe keessa biyyisaanii looltoonni Ertiraa daangaa qaxxaamuruudhaan Itoophiyaa seenuu akka beekan kaasuun, kunis akka dhaabbatuuf gaafachunsaanii ni yaadatama. Ammas Maayik Haamar daawwannaa isaanii Finfinneetti taasisuuf jiraniin, mootummaa Itoophiyaa fi qondaaltoota Gamtaa Afriikaa waliin wal arguun ni mari’atu jedha ibsichi. Akkasumas Gaanfa Afriikaatti Ergamaan Addaa US kun, qondaaltoota Mootummoota Gamtoomanii fi kanneen namoota sababii waraana Kaaba Itoophiyaa fi hongeetiin deeggarsi barbaachisuuf gargaarsa namoomaa dhiyeessan waliin wal arganii ni mari’atu jedhamera. Kana malees, Ergamaan Addaa Haamar waraana dhaabuu fi haraara biyyaaleessaa mirkanneessuu keessatti barbaachisummaa itti gaafatamummaa dhimmoota mirgoota namoommaa cimsanii ni dubbatu jedhamee eegama. Akkasumas ergamaan kun yaaliiwwan hooggansa Gamtaa Afriikaatiin dhimma Hidha Guddicha Abbayyaatiin waliigaltee fedhii paartiilee hundaa hammatuu irra akka gahamuuf taasifamaa fi naannoon naga qabeettiifi badhaadhoftuu akka jiraattuuf gumaatu akka jiraatu gochuu ilaalchisees marii ni taasisu jedhamee eegama. Ergamaan Addaa kunis dowwannaa isaanii Keeniyaatiin qondaaltoota mootummaa, waltaatoota idil-addunyaa, dhaabbilee mit-mootummaa fi kanneen yaalii ijaarsa nageenyaa naannichaa keessatti hirmaatanii fi warra barbaachisuuf deeggarsi namoomaa akka dhiyaatu mijjeessan biro waliin wal ni argamu jedheera ibsichi. Marii Garee Hojii US-Afriikaa Kibbaa Fulbaana 27 Waashingtan keessatti haala Kaaba Itoophiyaa fi Gaanfa Afriikaa ilaalchiisuun dhimmoota Afriikaa fi Idil-addunyaa jalatti marii’atame hordofuunis, Ergamaa Addaa Haamar gara Afriikaa Kibbaatti imaluun deeggarsa yaalii jaarsummaa Gamtaa Afriikaatiin hoogganamu cimsuuf qondaaltoota mootummaa biyyattii waliin ni mari’atamu jedhameera.
TPLF waraanatti akka makamaniif Tigiroota hundaaf waamicha taasise Gareen finciltotaa Adda Bilisa Baasaa Uummata Tigraay (TPLF) warana mootummaa Itoophiyaa waliin gaggeessaa jiru qolachuuf dhalattoonni naannichaa hundi akka waraanatti makamaniif waamicha taasise. Ibsa TV kan TPLF waliin hidhata qabu Dimtsa Wayyaanee jedhamu irratti dhiyaateen, "jiraachuu keenya mirkanneessuudhaaf’’ dhalattoonni naannichaa hundi waraana ‘‘sadarkaa murteessaa irratti argamu’’ kana keessatti akka hirmaatuuf waamicha taasise. Aanga’onni TPLF waamicha kana kan taasisan, mariin nagaa TPLF fi mootummaa feederaalaa gidduutti Afriikaa Kibbaatti Sanbataafi Dilbata irraa taasifamuuf ture erga sababii ‘loojistiikiitin’ yeroo hin beekamnetti dhereeffameen booda. TPLF ‘‘Qabeenyaa keessan qindeessuudhaan akka jiraachuu keenya mirkaneessinuuf waraana sadarkaa murteessaa irra gahe kana keessatti hirmaattaniif waamicha dhiyeessineerra’’ jedha ibsi TV humnichaa irratti dubbiifame kunaan. Waaraanni kaabaa Itophiyaa wagga lama guutuuf guyyoonni muraasni qofti hafe kanaan addawwan garaagaraa irratti waraanni cimee gaggeeffamaa jiraachuutu himama. Dubbii Himaan Adda Bilisa Baasaa Tigraay (TPLF) Obbo Geetaachoo Raddaa gamasaatiin ergaa karaa tiwitara isaatiin Dilbata Onkolooleessa 9, 2022 barreesseen, ‘‘Humnootiin Ertiraa fi Itoophiyaa ganama kana humnoota kumootaan lakkaa'amaniifi gareewwan meekaanaayizid ta'an waliin karaa addawwan Raamaa, Tsoranaafi Zaalaanbassaa haleellaa guutuu marsuun raawwataa jiru,’’ jedhee ture. Ibsi TV garichaa irratti afaan Tigraaffiitiin dubbifameen, Tigroonni hundi akka waraanatti makamaniif waamicha taasise kunis, erga Obbo Geetaachoo Raddaa waraanni addawwan jedhaman kanneeniin gageeffamaa jiraachuu barreessee guyyaa tokkoon booda ture. Waa’ee waraanni karaa daangaa Ertiraafi Itoophiyaatiin gaggeeffamaa jiraachuu ilaalchise gama mootummaa Itophiyaatiin kan jedhame jiraachuu baatulleen, suuraaleen BBC karaa saataalaayitiin jalqaba Fulbaana 26, 2022 irratti argateen, daangaa Itoophiyaa-Ertiraa irratti loltoonniifi meeshaaleen waraanaa jajjaboon kuufamuu mirkaneffaachuu gabaasuun isaa ni yaadatama.
Waa’ee waraanni karaa daangaa Ertiraafi Itoophiyaatiin gaggeeffamaa jiraachuu ilaalchise gama mootummaa Itophiyaatiin kan jedhame jiraachuu baatulleen, suuraaleen BBC karaa saataalaayitiin jalqaba Fulbaana 26, 2022 irratti argateen, daangaa Itoophiyaa-Ertiraa irratti loltoonniifi meeshaaleen waraanaa jajjaboon kuufamuu mirkaneffaachuu gabaasuun isaa ni yaadatama. Akka ergaa Obbo geetaachoo kanatti waraanni Itoophiyaa fi Ertiraa halleellaa haaraa bal’aa ta’e fudhachuuf loltoota kuma kudhaniin lakkaa’amaniifi meeshaalee waraanaa mekaanaayidii hiriirsuun addawwan garaagaraatti bobbaafamu hime ture. Gareen TPLF dhalattoonni naannichaa akka waraanaatti makamaniif waamicha yoo taasisu kun kan jalqabaa isaa miti. Haaluma walfakkaatunis mootummaan Ertiraas waraana marsaa sadaffaa eegalusaatiin dura lammiilee Ertiraa human eeggataa umuriinsaanii wagga 55 gadi ta’e hundi atattamaan akka gabaasa taasisan waamuunsaa ni yaadatama.
Wayita TPLF haleellaa qilleensarraaf Ertiraa fi Itoophiyaa himataa jirutti UN hojjettoonnisaa Tigraay keessaa ba'uu ibse Haleellaa qilleensarraan lotoonni Itoophiyaa fi Ertiraa raawwataniin daa'imman dabalatee hedduun ajjeefamaniiru jechuun TPLF himateera. Qondaalli TPLF Geetaachoo Raddaa haleellaan qilleensarraa kun ollaa namoonni daafoo waraanaan qe'eerraa buqqa'an qubatan irratti xiyyeeffatee raawwate jedhe. Akka Geetaachoon jedhutti naannoon haleellaan itti raawwate bakka namoonni itti dheessan- Adiyabo kan daangaa Ertiraatti siqee argamutti. Himannaa Geetaachoon dhiheessu BBCn ofiisaa mirkaneeffachuu hin dandeenye. Waa'ee himannaa kanaa ilaalchisee mootummaan Itoophiyaas ta'e kan Ertiraa hanga ammaatti homaa hin jenne. Akka hojjettoonni gargaarsa namoomaa jedhanitti bakkuma kanatti torbee darbe namoonni ja'a haleellaa qilleensarraan ajjeefamaniiru. Mootummaan Itoophiyaa humnoonni Tigraay meeshaa waraanaa naannoo lammiileen nagaa jiraatan keessatti kuusee jira jechuun himata. Dhaabbati Biyyoota Gamtoomanii gamasaan hojjettoonni isaa naannoo Tigraayitti dhukaasa qaamolee walwaraananii gidduutti ugguramanii turan nagaan achii ba'uu ibseera. Qondaalli gargaarsa namoomaa UN Maartin Giriifitis hojjettoonni isaanii torbanootaaf erga sochhii dhorkamanii turanii booda nagaan Tigraay keessaa ba'uu tiwiitara isaaniirrati barreessan. UN ji'a darbe wayita waraanni bifa haaraan eegalu gargaarsi garas geeffamu yeroof akka adda citu labsee ture. Haata'u malee ammallee namoonni miiliyoona hedduutti lakkaa'aman rakkoodhaan danqamanii harka namaa eeggatu. Aab Giriifitis mootummaa fi TPLF gargaarsa namoomaaf akka haala mijeesssan akkasumas nageenyummaa hojettoota gargaarsaaf akka dhaabbatan akeekkachiisaniiru. Qaamoleen waraana keessatti hirmaatan hunduu marii karaa nagaan qofti furmaata ta'uu hubachuu qabu jedhan qondaalli UN kun.
Qaamoleen waraana keessatti hirmaatan hunduu marii karaa nagaan qofti furmaata ta'uu hubachuu qabu jedhan qondaalli UN kun. Waraana bifa haaraan eegale kanaan dhukaasi jajjabaan kan dhagahamaa ture yoo ta'u, loltoonni hedduun gama lamaanuu ajjeefamaniiru. Waraanni marsaa kanaa kun tattaaffii nageenya buusuuf taasifamaa ture kan danqe ta'us hawaasi idil-addunyaa waraanicha karaa nagaan hiikuuf dhiibbaa uumuu itti fufaniiru. Waraana kaaba Itoophiyaa erga eegalee waggaa lama guutaa jiru kanaan walqabatee lammiileen kumaatamaan lakkaa'aman lubbuu dhabaniiru, miiliyoonaan kan lakkaa'aman qe'eerraa buqqa'aniiru, akasumas beelaaf saaxilamanii harka namaa eeggatu. Waraana kana karaa nagaan hiikuuf yaaliin Gamtaan Afrikaa, Ameerikaa fi hawaasi idil-addunyaa kaan taasisaa turan, wayita waraanichi ji'a tokko dura deebi'ee hammaachuu eegalu guddoo gufate.
Haalli namoomaa Tigraay keessa jiru yaaddessaa dha jedhe Gamtaan Awurooppaa Waraanni Kaaba Itoophiyaa ji’oota shaniif gabii argatee ture deebi'ee ka’uun haalli namoomaa Tigraay keessa jiru haala hamaa tahetti ce’uu Gamtaan Awurooppaa beeksiseera. Gamtaa Awurooppaatti koomishinariin hoggansa rakkoo Jaaneez Leenaariisk waraanni kuni deebisee jalqabuun dura haalli namoomaa sadarkaa yaaddessaara gahee akka ture himuun amma immoo ittuu itti caalera jedhan. ‘’Waraanni kuni deebi’ee jalqabuu hordofee haalli namoomaa Kaaba Itoophiyaa jiru hammaachuu Gamtaan Awurooppaa yaadda’eera,’’ jedhan koomishinarichi. Waraana akka haaraatti jalqabe kanaan namoonni kumaatamaan lakkaa’aman akka haaraatti buqqa’aa kan jiran yoo tahu qabeenya jiraattotaafi bu’uuraalee misoomaa irratti miidhaan hamaa gahaa jira. Waraanni deebi’ee ka’uunsaa dhiyeessi deeggarsa namoomaa irratti danqaa guddaa taheera. Miyooti bu’uuraa, boba’aa akkasumas tajaajilli baankiin Tigraayitti guutummaan guutuutti akkuma addaan citeen kan jiru yoo tahu, naannolee waraanni kuni itti babal’ate Amaaraafi Affaar keessatti rakkoon wal-fakkaataa mul’achaa jira. Hojjettoonni dhaabbilee tola-ooltotaa naannolee kana keessatti socho’uun rakkisaa gatii taheef bahaniiru. Kunis buqqaatota naannoo Affaariifi Amaaraa deeggarsa argataniin lubbuu dheerefachaa jiraniif miidhaa guddaa tahuus ibseera Sababa waraanaan Naannoo Tigraay, Amaaraafi Affaar keessa namoonni miiliyoona 13 deeggarsa akka barbaadan Sagantaan Nyaata Addunyaa himeera. Dabalataan Itoophiyaan hongeen waggaa 40 keessatti mul’atee hin beekneen waan miidhamaa jirtuuf namoonni miiliyoona 7.4 tahan rakkoo nyaataaf saaxilamaniiru. Haala seera addunyaa kabajeen qaamoti wal-lolaa jiran dhaabota deeggarsa dhiyeessaniif gufuu tokko malee karaa akka bananiif waamicha dhiyeessaniiru.
Haala seera addunyaa kabajeen qaamoti wal-lolaa jiran dhaabota deeggarsa dhiyeessaniif gufuu tokko malee karaa akka bananiif waamicha dhiyeessaniiru. Kanamalees qaamoti wal-lolan nageenya namoota nagaa, hojjettoota tola-ooltummaafi dhiyeessii achitti ergamaniif eegumsa gochuu akka qaban gamtaan kuni gaafateera. Waraanni Kaaba Itoophiyaa erga jalqabe sarbama mirgoota namoomaa mudatan balaalefatee qaamoti hundi hatattamaan mariitti dhiyaachuun waraanicha akka dhaaba gaafateera.
‘Gambeellaatti haleellaa Waxabajjii darbee booda humnootni nageenyaa namoota nagaa 50 ajjeesan’ -KMNI Magaalaa Gambeellaatti walitti bu’iinsa humnootii nageenyaa naannichaafi Warana Bilisummaa Oromoofi Adda Bilisummaa Gaambeellaa jidduutti baatii Waxabajjii darbe keessaa mudate hordofee namoonni nagaa 50 humnootii nageenyaa naannichaatiin ajjeeffamanii kanneen 25 ta’a irratti ammoo miidhaan qaamaa raawwatamuu Komishiniin Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa (KMNI) ibse. Ibsa komishinichi Fulbaana 28, 2022 ajjeechaa Gaambeellaa kana ilaalchisuun baaseen, dubartootaafi namoota dhukkuba sammuu qaban dabalatee namoonni nagaa 50 hunmoota nageenyaa naannochaatiin seeraan ala dhuunfaa fi jumlaadhaan ajjeefamuu odeeffadheera jedha. Kanaafuu itti gaafatamtoonni seeraan ala namoota nagaa irratti ajjeechaa raawwatan seeraan akka itti gaafataman gaafateera komishiniin kun. Komishinichi dabaluudhaanis namoota 25 ta’an irra ammoo miidhaan qaamaa salphaafi cimaan qaqqabuu akkasumas namoota hedduu irratti gochaan reebichaa fi dararaa raawwatamu mirkanneeffadheera jedheera. Komishinichi waraana naannoo Gambeellaatti baatii Waxabajjii keessa raawatamee ture kana hordofees saamichii fi barbadaa'uun qabeenyaa namoota hedduu irratti milishootaa fi humnoota addaa naannichaa, miseensoota WBO, Adda Bilisummaa Gaambeellaa fi dargaggoota gurmaa'aniin raawwatamuu ilaalchisee qorannoo gaggeessuu ibseera. Akka Komishinichi jedhetti, ajjeechaan namoota nagaa kunis hidhattoonni erga magaalaa gadhiisanii bahaniifi magaalaan to’annoo humnoota nageenyaa mootummaa jalatti deebii’een booda yoo ta’uu, kanaafis humnootiin nageenyaa naannichaa itti gaafatamoodha jedheera. Komishiniin kun akka ibsetti, humna addaa naannichaa, poolisii idilee, milishootaa fi dargaggoonni humnoota nageenyaa waliin ta’an muraasni turaniiru.
Akkasumas, sakkatta’iinsa humnootiin nageenyaa taasisaniin, yoo xinnaate namoonni 50 dallaa mana jireenyaa saanii fi alatti, daandiiwwan irratti fi osoo to’annaa seera kabachiiftootaa jala jiranuu murtee seeraa tokko malee ajjeefamuu qorannoo gaggeesseen mirkanneeffachuu ibseera. Kana malees namoota 25 ta’an irra miidhaan qaamaa cimaafi salphaan raawwatamuu fi namoota hedduu lakkoofsaan hin eeramne irratti ammoo reebiichi fi dararaan raawwatamuu gabaasichi kaaseera. Kanaafis humnootiin nageenyaa ‘‘hidhattoonni ABO-Shanee fi meeshaan waraanaa mana keessan akka jiru nutti himameera, meeshaa dhoksitan baasaa,’’ sababii jedhuun akka miidhaa irraan gahan kaaseera. Reeffi namoota nagaa ajjeeffamaniis humnootii nageenyaa fi poolisoota naannichaatiin konkolaataa fe’umsaatti walitti qabamuun bakka hin beekamnetti geeffamee jumlaan awwaalamuu komishinichi maatii miidhamtootaa, jiraattootaa fi namoota ijaan argan waabeeffachuun gabaaseera. Kana malees, maatiin namoota ajjeeffamanii akka reeffi kennamuuf gaafatanii akka didamanis Komishinichi kaaseera. Reeffi namoota ajjeeffamanii maaliif maatiif akka hin kennamneefi bakkeen itti awwalames maaliif maatiin akka beeku hin taasifamne kan Komishinichaan gaafatame poolisiin naannichaa, jiraataan magaalichaa akka reeffi kennamuuf gaafate akka hinjirre deebii kennuu ibseera. Manni qopheessaa magaalichaa gama isaatiin, akka poolisii federaalaa dubbisuuf komishinichaaf deebii kan kenne yoo ta’u, poolisiin federaalaa gama isaatiin reeffi walitti qabamuun kan awwaalame mana qopheessaatiin ta’uu ibsuu Komishichi ibsa Kanaan kaaseera. Ajeechaa humnoota nageenyaatiin namoota nagaa irratti raawwatame kanaan alattis, guyyaa waraanni magaalicha keessatti gaggeeffametti hidhattoonni WBO fi Adda Bilisummaa Gaambeellaatiin ‘nutti dhukaaftanii jirtu’ sababii jedhuun yoo xinnaate namoota osoo daandiirra socho’anii argan torba ajjeessuu kaaseera.
Ajeechaa humnoota nageenyaatiin namoota nagaa irratti raawwatame kanaan alattis, guyyaa waraanni magaalicha keessatti gaggeeffametti hidhattoonni WBO fi Adda Bilisummaa Gaambeellaatiin ‘nutti dhukaaftanii jirtu’ sababii jedhuun yoo xinnaate namoota osoo daandiirra socho’anii argan torba ajjeessuu kaaseera. Kana malees tibba walitti dhukaasuun turetti namoonni qaama kamiin akka ajjeeffaman adda hin baafamiin jahas lubbuu dhabuu gabaasichi ibseera.
Eliwuud Kipchoogeefi Guyyee Adoolaan irra-deebiin Barliinitti wal-argan Maaraatoonin Barliin baranaa Gaafa Dilbataa gaggeeffamuurratti fageenyichaan abbaan rikardii addunyaa Eliwuud Kipchogeefi Guyyee Adoolaa morkii cimaa taasisu jedhamee eegama. Kipchogeen turtii BBC waliin taasiseen kaayyoon isaa riikardii haaraa galmeessuu miti jechuun dubbate. Olompikii gubbaa maaraatooniin si'a lama shaampiyoonaa kan ta'e atileetiin kuni Dilbata si'a jahaffaaf Barliinitti fiiguf deema. Atileetiin ganna 37 kuni waggaa afur dura magaalaa guddoo Jarmanitti 2:01:39 fiiguun riikardii addunyaa galmeesse. Eegasii garuu Barliinitti dorgomee hin beeku. Eegasiis riikardii isaa kana kan itti bu'e hin jiru. Atileetiin Itoophiyaa Qananiisaa Baqqalaan garuu bara 2019 yeroo Maaraatoonii Barlin injifate sakandii 2'f jedhee riikordii addunyaa cabduu hanqate. Barana yoo fiigu riikardii cabsuuf yaada qabdaa jedhee kan gaafatame Kipchogeen kana deebise: ''Yeroo hundaa fiigicha gaarii fiigudha malee riikardii addunyaa nan fiiga jedhee hin dubbadhu.'' Haa ta'u malee, Barliin ''bakka gaariidha'' jechuun bakkatti riikardiin cabuu malu akka ta'es hime. Kipchogeen baatii jaha dura yeroo saffisaa afraffaa waggaa kanaa maaraatoonii Tookiyoo injifachuun galmesseera. Atileetonni lamaan yeroo jalqabaaf kan wal argan waggoota shan dura maaraatoonii Barlin bara 2017 irratti ture. Namni tokkollee yeroos maqaa Guyyee hin kaasne ture. Boodarra garuu osoo homtuu hin yaadiin gurra guddaa horate. Kunis, maaraatoonii yeroo jalqabaaf fiigee yeroo saffisaa kana dura hin turre galmeessuu isaati. Lammaffaa bahuunis xumure. Eegasii Guyyeen dorgommii Kipchogeen hin dorgomnetti atileetii Keeniyaa Bethwel Yegon fi Qananiisaa Baqqalaa of duuba aansuun maaraatoonii Barliin bara 2021 injifate.
Yeroon itti xumurees 2:05:45 dha. Yeroos dorgommicha injifachuuf qophii gochaa turuu kan hime atileetiin si'a lama Maaraatoonii Barliin injifate Qananiisaan, sadaffaan xumure. Haa ta'u malee, ga'umsi Guyyee walitti fufee hin mul'anne jechuun himu xiinxaltoonni atileetiksii. Guyyeen waggaa darbe maaraatoonii afraffaa isaa erga Barliinitti dorgomee injifatee booda maaraatoonii biraa hin fiigne. Akkasuu ta'e garuu atileetiin Kipchogee morkachuu danda'u Guyyeedha jedha gaazexeessaan beekamaa atileetiksii Jonathan Gault. Waa'ee morkattoota kaani kan gaafatame Kipchogeen ''Dorgomtoota hunda nan kabaja - garuu ani filamaa akka ta'ettin of ilaala,'' jechuun hime. ''Sirriittan leenji'e. Wanti hin eegamne mudachuu danda'a garuu ani leenjii kiyyatti nan amana.'' Atileetota kanaan alatti atileetiin Keeniyaa waggaa darbe lammaffaa bahe Bethwel Yegon, kanneen barana eegaman keessaati. Bara 2015 Shaampiyoonaa Atileetiksii Addunyaatti maaraatooniin kan injifate atileetiin Ertiraa Girmaay G/Sillaasees maaraatoonii Barliin irratti ni dorgoma. Girmaay bara 2016 maaraatoonii Niiw Yoork erga injifate booda maaraatoonii afur dorgome keessaa sadii adda kutee baheera. Atileetiin Itoophiyaa Haayilee G/Sillaasee maaraatoonii Barliin si'a afur injifachuun seenaa dalageera. Kunis bara 2006 - 2009'tti dha. Kunneenis Kipchoogee dura kan galmaa'anidha. Kipchogeen bara 2013 yeroo jalqabaaf erga Maaraatoonii Barliin hirmaate booda bara 2015, 2017 akkasumas 2018 injifate. ''Barliin maaraatoonii yeroon saffisaa itti galmaa'udha,'' jechuun ibsa Kipchoogen.
''Barliin maaraatoonii yeroon saffisaa itti galmaa'udha,'' jechuun ibsa Kipchoogen. Kipchogeen maaraatoonii 16 fiige keessaa 14 injifateera. Ammammoo karoora biraa qaba. Maaraatoonii Barliin si'a afraffaaf injifachuuf yaada qaba. Kipchogeen Barliinitti yoo injifate seenaa atileetii Itoophiyaa Haayilee G/Sillaase qooddata. ''Maaraatooniin dorgommii yeroo dheeraa fudhatudha. Sammuunkee yeroo dheeraaf fiiguuf yoo qophii miti ta'e, taaktikiin (tooftaan) kee hin dalagu,'' jechuun dubbata.
Saaroo Galgaloo: Barataa kutaa 11ffaa horsiisee bultoota ifatti baasaa jiru Saaroo Galgaloo Waaqoo jedhama. Godina Boorana Aanaa Mataa Wayaamaa, Ganda Mataa Arbaatti dhalate guddate. Mana Barumsa Qophaa'ina Borboritti barataa kutaa 11ffaa kan damee saayinsii uumamaati. Saaroon guyyaa Sanbataa lamaan Magaala Borbor bakka itti baraturraa fageenya kiilomeetira 43 miilaan deemuun bakka qubsuuma maatiisaa, Ganda Mataa Arbaatti gala. Ollaa sanattis rakkoon uumanni qabu itti mul’achuu ibsa. “Barumsa dhabuu irraa kan ka’e hawaasni ganda keennaa lakoofsa bilbilasaanii addaan baaffachu hin danda’an. Guyyaa lamaan boqonnaa galuu kana (Sambataa fi Dilbata) maatii tiyya dabalatee jiraattonni hedduun namoota dhimmaaf bakka ta'eetti bilbilachuuf akka ani gargaaru na gaafatan.” Saaroon rakkoo tana furuufis namoota ganda bulchuun yaada ga’e, hawaasa marisiisuu hima. “Namoonni dheebuu barnoota waan qabaniif, dafanii yaada kana fudhatan, xiqqaa guddaan itti hirmaatan,” jedha. Waggaa jalqaba mana barumsa ganda isaanii jirutti barsiisa ture. Miidhaa hamaa hongee dhaqabsiisee irraa kan ka’e uumanni gandarraa buqqa’e akka deeggarsa argatan bakka tokko qubsiisan. Saaroonis ummata sababii hongeetiin deeggarsa barbaaduuf qe’eesaanii irra buqqa’an tokko walitti qabee barsiisun qubee isaan lakkoofsisaa jira. Innis erga bara 2019 sababa weerara Covid-19n barumsi addaan citee kaasee waggaa sadiif hawaasa isaa barsiisaa jira. “Manni baruumsaa wayita hin jirreetti, yeroo boqonnaa kana ollaa sana deemeen muka jalaatti namoota waliti qabuun barsiisaa jira," Saaroon. Saaroon hawaasni kun bilbilachuu qofa utuu hin ta’in, qubee Afaan Oromoo fi Herreegaa akka baratan murteesse namoota umuriin qooduun barsiisuu eegale.
“Namni akka sadii baratu. Namoonni gurguddaan (manguddoota umurii 60 gadii) guyyaa sa’aa sagal irra eegale hanga sa’aa kudhanii tokkootti bakka lamatti adda qodamuun baratu. Ijjoolleen horii tiksan ammoo galgal galte bakka tokkotti baratti,” jedha. Waggaaa sadeen kana keessatti barattoota 94 ol kan manguddoo ta'anii fi ijoollee umurii waggaa 5 - 30 gadii kanneen hiree barnootaa dhabanii hafan 123 ol barsiiseera. Isanis yeroo ammaa sadarkaa barnoota isaanii kan kutaa 1ffaa guutumatti baratanii xummuraniiru. Bara kana ammoo barattoota haaraa reefuu tokko jedhanii qubee Afaan Oromoo barachuu eegalan 112 ta'an galmeessuun barsiisaa jiraachu hima. Saaroo Galgaloo Waaqoo Godina Boorana Aanaa Mataa Wayaamaa Ganda Mata Arbaatti dhalatee guddate. Haadhisaa Ijjoollee sagal qabdi, isaan keessa inni 7ffaa, garuu kan barate isa qofa. Kuni fedhii maatii utuu hin ta’in rakkoon uumamaa fiduu dubbata. “Ani akkumaa ijjoollee horsiisee bulaa, jabbii re’eefi loowwan tikseen guddadhe. Waggaa 11 dura, akkuma bara kana hongeen hamaan godinichatti buutee uumannii horii dhabe. “Horiin keenna dhumnaan, amma barachuu qaba jedhe ofi kiyyaan murteeffadhe, maatii bira deeme gara magaala Borbori fira biratti galuun barnoota eegale" jedha. Saaroon hojii hojechuun of barsiisuu dubbata, Kutaa 1 hanga afurii guyyaa barachaa galgala ammoo gaarii mi’an fe’anin hojechaa ture. Gaafa kutaa shan ga’u, motoorii oofuu barate , hojii argachuun hanga kutaa torba akkanaan baracha ture. Osoo deegarsa maatii hin argatin barate amma kutaa 12 deemuuf galma’e jira. Barumsa isaa irratti deeggarsa godhuuf baatan, amma sagantaa inni eegale kanaaf isaanis gammachuu guddaa qabaachuu ibsa.
“Akka malee gammadan, kun waan waaqii jaalatuu jechuun na jajjabeesa jiran, namuu waan gaarii hojachaa jirta itti fufii jedhani yaadaan na deeggarani.” Aaddee Lookoo Saarat Waaqoo kan ganna 60 barattoota Saaroo keessa tokko. Isheenis haadhaa ijjoollee saddeetii yoo taatuu, egii barumsa kana eegalte ji’a sadii ta’u himti. “Ijjoollee tiyyaa afur nan barsiifadhe, taan asi waliin barachuutti jirra. Asiin dura maqaa namaa bilbila keessaa baaffachu hin beekuu. Yoo namni naaf bilbilees kun eeennu jedhe nama gaaffadha." “Amma ammoo maqaa ofumaan baaffachuu danda’a. Duraan qubee tokkoo ta ‘a’ jettu hin beekuu, amma galata isaatii fi kan Waaqaa qubee guddoo fi xiqqoo ejje dubbisee biraa deema,” jetti. Aaddee Lookoon dargaggeessa kana baay’ee dinqisiiffachuu ibsiti. “Galata guddaa qabaaf gurba kanaaf. Jaalatee sammuusaa keessaa miindaa tokko malee, kan barnoota isaatu harka qabu, sa’aatii boqonnaasaa dhiisee, waan beekuu nu barsiisuun mataa nu banaa jira. “Akkanaan gaaddisa mukaa jalatti, sanuu mukni sunuu kan baala tokko hin qabne, bakki irra teennu hin jirreetti nu barsiisee ifatti nu baase,” jetti. Isheenis namoota hongee horiinsanii dhabuun deeggarsa argachuuf bakka tokkotti walitti qabaman keessatti tokko. “Guyyaa aduu, galgalli qorra, amma waan biraa hin qabnu. Bakkuma deeggarsa eeggataa jirruutti ammoo barachaa jirra” jechuun dubbatti. Aab Jaattanii Sooraa, maanguddoo umurii waggaa 50 ol yoo ta'an, baruumsa dargaggoo kanaatiin jijjirama argachu hima. Namoonni isaanii waliin guyyaa baratu gara 41 ta’u dubbatu. Hundisaanii haadholii fi abbootii warraati. “Manguddoo irra kaasee uummanni guddoo itti hirmaate barachutti. Barsiisaa tokkicha kanaan lakoofsi nama baratuu baay’eedha.
Ta’us akka malee jaalanna, maan jennaan sa’aatii ofi fudhate waan mataasaa keessaa qabuu nu barsiisaa jira,” jedha maanguddoon kun. Yaaddoon isaan qaban garuu yoo manni barumsa baname, Saaroon barnootasaa itti fufuuf Borboritti deebi’a. “Rakkoo guddaa keessa jirra, yoo gurbaan kun nu biraa socho’e, yoo deeggarsa nu godhanii nama biraatiin bakka buusan malee, barachuu dhiiifna?'' jedhu. Hawaasni fedhii barumsa olaana qabachuu kan himu Saaroon, eegii sagantaa kana jalqabe jijjirama guddaa uummataa irratti arguu ibsa. “Namoonni jalqabarraa hanga amma sagantaa kana keessa jiran, heddunsaanii maqaa namaa bilbila isaanii keessaa baafachuu danda'uu bira dabranii, Afaan Oromoo guutumaa guutuutti qubeessuun dubbisuuf barreessuu danda'an. Akkasumas herreega barachuun ida’uu danda’an,” jedha. Ijjoolleen horsiisee bulaa rakkoo hamtuu keessa jirti kan jedhu dargaggeessi, kun namoota maatiinsaanii nama horii tiksuuf dhaban, kan baruumsarraa hafuun tiksan hedduudha jedha. “Kun waan baay’ee nama dhibu. Maan jennan bara cufa akkanuma horiin dhuma, yoo harka qullaa hafan kaan ijjoolleen barattee isaan deeggartu waan hin jirreef, maatiin hedduu bona kana haala hamaa keessa jirtu.” Saaroon barsiisaa ta’uuf duraan yaadaa hinqabu, rakkoo uumanni keessa jiru irra ka'uumsa garuu barsiisaa ta’e. ''Barsiisaa ta’uu hin jibbu, garuu yaadni kiyyaa adda ture'' jedha. “Ani waan bulchiinsa uumataa barachuuf fedhii guddaa qaba. Gaafaa kutaa 6 fi 7 jiru kana baradha jedhee murteesse, garuu hiriyyoonni tiyya [baruumsa saayinii uumamaa] galmeeffachuu qabda jedhanii amma saayinsii uumamaa barchaan jira. “Hataa’u malee digrii jalqabaa ergan fudhadhee, lamaffaa irratti kan bulchiisna hawaasaa sana barachuun dirqama.” Ammaatti kutaa 12ffaa barachuuf karoora kan qabu Saaroon, yaadni rakkisaan isaa mudachuu hima.
“Hataa’u malee digrii jalqabaa ergan fudhadhee, lamaffaa irratti kan bulchiisna hawaasaa sana barachuun dirqama.” Ammaatti kutaa 12ffaa barachuuf karoora kan qabu Saaroon, yaadni rakkisaan isaa mudachuu hima. “Abjuu tiyya dhiisee uumataa kiyya keessa ture barsiisuu fedhii guddaa qaba, ammo duraan nalleen barachuu qaba. Kun akka malee na dhibdeera,” jedha. Garuu barattoonnisaa manguddoo tahan akka wanti inni eegale kun adda hin kutamne barsiisaan biraa akka deeggaramuuf hogganoota aanaa gaafataniiru. Isaanis akka yaalii taasisan waadaa galaniiru.
Eertiraan humnoota waraanaa eeggataa umuriin waggaa 55 gadii hatattamaan waraanaatti akka makamaniif ajajje Eertiraan miseensoota humna of eegannoo (Reservists) kan umuriin isaanii hanga waggaa 55 ta’eefi hojiiwwan garaa garaa irratti hirmaatanii jiraatan akka waraanaatti makamaniif waamicha dhiyeesuu maddeen himan. Akka maddeen kunneen jedhaniitti, magaalaa guddoo biyyattii Asmaraa keessatti Kamisa kaleessaa Fulbaana 15, 2022 baayyeen isaanii sa’aatiiwwan keessatti akka qophaa’aniif itti himamuun karaa daangaa Itoophiyaan wal daangeessanitiin adda waraanaatti geeffamuu maddeen BBC Tigriffaatti himaniiru. Asmaraadhaan alattis humni eeggataa kun bakkuma jiranii akka waajjiiraalee mummee isaaniitti gabaasa taasisaniif gaafatamaniiru. Humnootiin nageenyaa bakkeewwan garaa garaatti namoota dhaabuun miseensa waaraanaa duraanii ta’uufi dhiisuu sakkattaa’aa jiraachuun himameera. Haalli kunis maatiiwwan hedduu irratti sodaaafi yaaddoo umuunsaa hin hafne jedhu maddeen kunneen. Kana malees miseensoonni humna of eeggannoo muraasnis meeshaalee kan akka uffata halkanii fi qabduu bishaanii kan mataasaanii qabatanii akka dhiyaatan gaafatamuu maddeen kunneen BBCtti himan. Ijoollee, obboolaafi haadhooliin wayita bo’aa abbaa warraa fi obbooloosaanii gaggeessan argamuu maddeen kunneen dabaluun himaniiru. Maddeen BBC akka himanitti Gareen tokko tokko Kamisa kaleessaa Fulbaana 15,2022 gabaasa gochuun bobbaafamuuf qophii tahuu himameera. Eeessatti bobbaafamu kan jedhu irratti odeeffannoo homaatii hin beekamu. Waamicha kanarraa hafuun hin danda’amu. Sababa kamiyyuu qabaatan irraa hafuun hin danda’amu. Namootni dhukkubsatan ragaa fayyaa isaanii waliin gabaasa gochuun bakka geeffamanitti akka yaalaman taha. Malee manatti hauun hin danda’amu.
Namni tokko dhokatee yoo manatti hafe, sababii kamiiniyyuu yoo tahe, manni jireenyaa isaa irratti cufamuun maatiin isaa alatti darbatamu, akkasumas maatiin isaa hidhamu. Hojjettootni kaampaanii nageenyaa Salaam kanneen waajjira UN eegan waamicha Kanaaf waan deemaniif kaampaanichi furmaata osoojalaa hin deemiin furmaata barbaada jedhe. Mootummaan Eertiraa yeroo baayyee tajaajila waraanaa dirqamaa itti fufuun qeeqama. Waamichi Eertiraan tibbana taasifte kunis tarii walitti bu’iinsa cimsuu mala jedhamuun sdaatamaa jira. Ertiraatti sababii fayyaafi kanneen birootiin yoo ta’e malee lammiilee biyyattii ummuriin hayyamu hundi tajaajila waraana biyyaaleessaa keessatti hirmaachuun dirqama. Waaraanni mootummaa Itoophiyaa humnootii TPLF jidduutti kanaan dura gaggeeffame fi loltoonni Eertiraa keessatti qooda fudhachuun himamees, erga jidduun baatiiwwan shaniif dhaabbateen booda torbanota dura deebii’ee eegalunsaa ni yaadatama. Aangaa’oonni Itoophiyaa fi Eertiraa dhimma kanarratti yaada akka kennaniif gaafatamanillee deebii argachuun hin danda’amne. Haata’u malee aanga’oonni Ertiraa humnootiin TPLF isaan irratti haleellaa raawwachuu akka barbaadu himatu. Ammas mootummaan Isaayaasaa Afawarqi qajeelfama kana kan baasan waraanaa Itoophiyaafi humnootii TPLF jidduutti deebiisee eegale keessatti loltoonni Ertiraa hirmaataa akka jiran TPLF himannaan erga dhiyaateen boodadha. Guyyoota muraasaan duras ajajaan waraana TPLF Janaraal Taadasa Warada humnootiin gamtaa Ertiraafi Itoophiyaa Sharaaroo dabalatee naannawan Tigraay kan biraa qabachusaanii TV naannichaa irratti dubbachun ni yaadatama. Haaluma walfakkaatunis Gamtaan Awurooppaa waranaa kanarratti waraanni Ertiraa hirmaataa jiraachu himuun, biyyi ollaa Ertiraan waraanicha keessatti hirmaachun ammo yaalii Itoophiyaatti nagaa buusuuf taasisaa jirtuutti gufuu ta’ee itti fufeera njechuun ibsa baasee ture.
Haaluma walfakkaatunis Gamtaan Awurooppaa waranaa kanarratti waraanni Ertiraa hirmaataa jiraachu himuun, biyyi ollaa Ertiraan waraanicha keessatti hirmaachun ammo yaalii Itoophiyaatti nagaa buusuuf taasisaa jirtuutti gufuu ta’ee itti fufeera njechuun ibsa baasee ture. Mootummaan Itoophiyaas ibsi Fulabaana 15, 2022 baaseen Gamtaa Awurooppaa kun akka isa mufachiisee himuun ni yaadatama.
Badhaasi haaraa MM Abiy Ahimed argatan maali? Ministirri Muummee Itoophiyaa Abiy Ahimed Badhaasa Looreetii Faayinaansii ‘Global Islamic’ 2022 jedhamu argatan. Badhaasni kun hojii MM Abiy haaromsa damee faayinaansii keessatti fidaniif akka kenname waajjirri MM fuula Tiwiiterii isaa irratti maxxanse. Baankiin Islaamaa Itoophiyaa keessatti akka banamu gochuuf hojii hojjetaniif badhaasichi kennameef. MM Abiy Fulbaana 13,2022 sirna kakuu galuu pirezidaanti Wiiliyaam Ruutoo irratti argamuun booda gara Jibuutiitti imaluun Kora ‘Global Islamic Finance’ 2022 irratti argaman. Kora kana kan dursan pirezidaantii Jabuutii Usmaa’el Umar Giilee yoo tahu, MM Abiy keessummaa kabajaa tahuun koricha irratti argamanii badhaasicha fudhataniiru. ‘’Itoophiyaan damee faayinaansii irratti haaromsi hojjetaa jirtu ija hawaasa idil-adunyaan beekamtii argataa jira. Badhaasa kana argachuu koof gammadeera,’’ jedhan Dr Abiy. Kora kana irratti gaggeessitootnii fi namootni indastirii faayinaansii adunyaa keessatti shoora ol aanaa bahatan 15 ardiilee shan irraa badhaasicha argataniiru. MM Abiy bara 2018 badhaasa Noobelii Nagaa injifatanis, booda morkiin gidduu isaaniitti mudate bal’achaa deemuun TPLF waliin gara waraanaatti galaniiru. MM Abiy erga gara aangootti dhufanii haaromsa fidan keessaa tokko dame faayinaansii irrattidha. Kana dura biyattiitti bifa hin baramneen tajaajilli baankii Islaamaa akka jalqabu taasisaniiru. Baankiin dhala hin qabne ykn dhala irraa bilisa ta'e 'Islamic Bank' jedhamuun waamama. Baankiin Itoophiyaaf haaraa ta'e kuni biyyoota adda addaatti maqaa gara garaa qaba. Waggoota muraasa dura Baankiin Biyyaalessaa Itoophiyaa baankiin addatti ykn qofaatti tajaajila dhala hin qabne kennu akka hundaa'uuf eeyyamee ture. Yeroosuma garuu murtiin kuni gara tajaajila foddaa- jechuunis baankiileen tajaajila dhala qabu kennan biratti tajaajila dhala hin qabne akka eegalan eeyyamameef.
Yeroosuma garuu murtiin kuni gara tajaajila foddaa- jechuunis baankiileen tajaajila dhala qabu kennan biratti tajaajila dhala hin qabne akka eegalan eeyyamameef. Baankiiwwan tajaajila dhala hin qabne dura aantummaan kanneen eegalan keessaa Baankiin Intarnaashinaala Oromiyaa isa hangafaati.
Ameerikaan TPLF, mootummaa Itoophiyaa fi Eertiraa balaaleffattee, mariif waamicha goote Mootummaan Ameerikaa waraana Kaaba Itoophiyaatti deebi'ee hammaateen walqabatee gochoota TPLF, mootummaa Itoophiyaafi Eertiraa balaaleffachuun marii nagaaf waamicha dhiyeessite. Dubbii himaa Itti aanaan Ministeera Haajaa Alaa US Vaadent Paatel ibsa kennaniin biyyi isaanii waraana Kaaba Itoophiyaa deebi'ee hammaateen yaadda'uu dubbatan. Waraanni furmaata hin ta'uu kan jedhan Vaadent, Gaanfa Afrikaatti ergamaan Addaa US Maayik Hamar dhimmuma kanaaf Fulbaana 5-6'tti Itoophiyaatti imalanii aanga'oota mootummaa Itoophiyaa waliin mariyachuu dubbatan. ''Barbaachisummaa atattamaan waraana dhaabuu fi marii Gamtaa Afrikaan gaggeeffamutti deebi'uu irrattii Itti aanaa Ministira Muummee, Gorsaa nageenya Biyyaalessaa waliin mariyataniiru'' jedhan. ''Haleellaa TPLF Tigraayiin alatti raawwachaa jiru, haleellaa qilleensaa fi lafoo mootummaa Itoophiyaa fi Eertiraan deebitee waraana keessatti hirmaachuu balaaleffanneerra.'' Dhaamsa kana Hameer hoogganaa Tigraayi Dabratsiyoon Gabramikaa'elitti himaniirus jedhan. Waraana torbanoota lamaan darban deebi'ee hammaateen walqabatee humnoonni Tigraay naannoo Amaaraa keessatti Qobboo naannolee muraasa to'ataniiru. Mootummaan Itoophiyaas irra deddeebiin naannolee sochii waraanaaf oolan ittiin jedhe qilleensarraan haleellaa jira. TPLF dhiyeenya humnoonni Eertiraa fi Itoophiyaa waliin ta'uun gama Kaaba Lixa naannichaan haleellaa itti banuu himateera. Aanga'oonni Itoophiyaas ta'e Eertiraa garuu hirmaannaa loltoota Eertiraa irratti himannaa dhiyaatu irratti deebii hin laanne. Vaadent Paatel ibsa isaanii keessatti Gargaaraa barreessaa olaanaa dhimmoota Afrikaa kana ta'an Moolii Pee, ergamaa addaa Hameer fi dippiloomaatota US biroo waliin ta'uun qaamolee waraana kana dhaabsiiuuf gahee bahan biroo waliin marii akka gaggeessan dubbatan.
Vaadent Paatel ibsa isaanii keessatti Gargaaraa barreessaa olaanaa dhimmoota Afrikaa kana ta'an Moolii Pee, ergamaa addaa Hameer fi dippiloomaatota US biroo waliin ta'uun qaamolee waraana kana dhaabsiiuuf gahee bahan biroo waliin marii akka gaggeessan dubbatan. Qaamoleen isaan waliin mariyatanis Gamtaa Afrikaa, Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii, Gamtaa Awurooppaa fi UK fa'a akka ta'an ibsaniiru. ''Galmi keenya duula dippiloomasii jabeessuun mootummaan fi TPLF duula waraanaa isaanii atattamaan akka dhaaban, Eertiraan ammoo daangaa Itoopiyaa keessaa akka baatu gochuudha'' jedhan. Rakkoo mudateef waraanni fala hin ta'uu kan jedhu mootummaan Ameerikaa ''falli takkittiin jirtu qaamni hunduu karaa marii nagaa waan irratti waliigalan barbaaduudha'' jedha. Waraanni itti fufuufi hongee mudateen miidhaa lammiilee Itoophiyaarra gahaa jiruun US yaaddahuu kan dubbatan qondaalli kun deeggarsa lubbuu baraaraa Itoophiyaaf taasistu akka cimsutis himan. ''US tokkummaa, walabummaafi kabajamuu daangaa Itoophiyaa'' ni kabajji jedhanii badhaadhinnii lammiileen biyyattii hawwaniifi isaaniif malus nagaa waaraan qofa argamaa jedhan. Waraanni Kaaba Itoophiyaa tasgabbii ji'oota shanii booda torbee lama dura sababa qaamoleen lamaan quba walitti qabaniin eegale. TPLF's ta'e mootummaan Itoophiyaa yaada marii nagaa akka fudhatan beeksisanis hanga ammaa mariin Gamtaa Afrikaan hoogganamu maalirra akka jiru wanti ifatti beekamu hin jiru. Mootummaan Itoophiyaa haalduree TPLF kaahe ni morma. TPLF ammoo jaarsummaa Gamtaa Afrikaarraa gaaffii qaba.
Waraana kaaba Itoophiyaa guyyoota 5 lakkoofsiseen wantota gurguddoo mudatan 5 Waraanni kaaba Itoophiyaatti waggoota lamaaf ture gidduutti erga tasgabbaa'een booda torban darbe keessa akka haaraatti deebiyee ka'eera. Waraanni kun Roobii Hagayya 24, 2022 barii irra deebiin ka'uudhaan biyyattii kessatti yaaddoo nageenyaa guddaa uumeera. Waraanni kun guyyoota shanan darban keessa deebiyee erga jalqabameen booda wantota mudatan gurguddoo shanan ilaalaa. Muddama ji'ootaaf tureen booda wal waraansi kaaba Itoophiyaa ji'a sadaffaatiif akka irra deebiin jalqabe kan dhaga'ame humnoonni Tigraay qindoomina humnoota federaalaafi naannoleetiin haleellaan narratti banameera erga jedhaniin boodadha. "Komaand Postiin waraanaa Tigraay" ibsa baaseen, Roobii Hagayya 24, 20220 barii keessa saatii 11:00 irratti mootummaan Federaalaa humnoota Amaaraa waliin ta'uudhaan haleellaa bal'aa narratti baneera jedhee ture. Ibsa humnoota Tigraay hordofee mootummaan federaalaa ibsa baaseen, waraana kana kan jalqabe TPLF jechuun humnoota Tigraay itti gaafatamoodha jedheera. Humnoonni laman waraanatti deebiyanii galuun isaanii hordofees walitti bu'insa deebiyanii jalqaban kanarraa akka of qusatan Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii, Gamtaan Afrikaa, Gamtaan Awurooppaa, Ameerikaa, Yunaaytid Kingidam fi dhaabbileen biroon waamicha dhiyeessaniiru. Erga waraanni kaaba Itoophiyaa kun irra deebiin jalqabamee wantota qalbii hawwatanii turan keessaa tokko humnoonni Tigraay mooraa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii Maqaleetti argamu keessaa boba'aa hatan jedhamuu isaati. Dhaabbanni Sagantaa Nyaata Addunyaa guyyaadhuma waraanni itti jalqaberra humnoonni Tigraay boba'aa liitira walakkaa miliyoonaa ol ta'u saamuu isaanii ibsee ture. Daarektarri Olaanaa Sagfantaa Nyaata Addunyaa Daaviid Biizilii boba'aan kun humnaan fudhatamuun isaa "rifaasisaafi kan nama qaanessudha" jechuun boba'aan hatame jedhan kun atattamaan haa deebiyu jechuun gaafatee ture.
Mootummaan Federaalaa gama isaatiin ibsa Kamisa Hagayya 25, 2022 baaseen, "Saamichi kun yakka waraanaati" erga jedheen booda, humnoonni Tigraay boba'aa kana fudhachuun kan isaan barbaachiseef haleellaa Qobboofi naannawaa sanatti banan hojiirra ittiin oolfachuuf jedheera. "Waliigaltee tureen Sagantaa Nyaata Addunyaatiif kan liqeessine boba'aa liitira kuma 600 akka deebiyu gaafanne," jedhan. Boba'aa hatameera jedhame kana ilaalchisuun TPLF ibsa baaseen, ''boba'aan ji'oota dura Sagantaa Nyaata Addunyaatiif liqeessee turen deebisee fudhadhe malee samciha hin raawwanne,'' jedheera. Humnoonni Tigraay ibsa isaanii kanaan, Daarektara Olaanaa, Daaviis Biizliifi Sagantaa Nyaataa Addunyaa cimsanii balaaleffataniiru. Xiyyaarri waraanaa meeshaa waraanaa humnoota Tigraayiif geessuuf ture jedhame rukutamee kufeera jedhamuun isaa dhimma dubbii ijoo ta'ee turedha. Humni Ittisaa Biyyaa xiyyaari waraanaa Raashiyaatti hojjetame Antoonoov 26 jedhamu A L I Hagayya 17, 2014 halkan saatii afur irratti karaa Sudaan daangaa qilleensa Itoophiyaa cabsee galuuf osoo jedhuu rukkutamee kufuu ibseera. Xiyyaarri kun rukkutamee kufuu isaa ilaalchisee Sudaaniifi humnoonni Tigraay sobadha jedhaniiru. Xiyyaarri kun TPLFf meeshaa waraanaa dhiyeessuuf akka ta'e qondaalli waraanaa olaanaa Meejar Janaraal Tasfaayee Ayyaaloo ibseera. Jeneraal Tasfaayeen, xiyyaarichi "halkan saatii afur" irratti humna qilleensaa biyyattiitiin rukkutamee kufuu isaa erga ibseen booda ajajaan humna qilleensaa Meejara Janaraal Yilmaa Mardaasaa ammoo haala ture sana miidiyaalee biyya keessaarratti dhiyaachuun ibsa kenneera. Mootummaan federaalaa haleellaa qilleensa irraa Maqaleetti gaggeessen ijoollee dabalatee namoonni nagaan ajeeffaman kan jedhu taatee guddaadha.
Mootummaan federaalaa haleellaa qilleensa irraa Maqaleetti gaggeessen ijoollee dabalatee namoonni nagaan ajeeffaman kan jedhu taatee guddaadha. Haleellaa raawwatame kanaan yoo xiqqaate namoonni 7 yoo du’an isaan keessaa 3 daa’ima akka ta’an AFP fi Rooyitarsi ogeeyyii fayyaa wabeeffachuun gabaasan. Daayirektara olaantuu UNICEF kan taate Kaatiriin Raasil haleellichaan “ijoollee heddu” dabalate namoonni nagaan ajjeeffaman jechuun mootummaa federaalaa komatte. Humnoonni Tigraay mootummaan federaalaa haleellaa namoota nagaa irratti xiyyeeffate gaggeesse jedhanii yoo himatan, mootummaan ammoo bakka buufata waraanaa akka haleele dubbate. Ministeera Kominikeeshinii Mootumma Federaalaa kan ta’an Dr. Laggasaa Tulluu haleellichi soba fi diraamaa uumame akka ta’ee fi humnoonni Tigraay nama miidhame fakkeessun “korojoo reenfaa lafatti gatanii agarsiisaa turan” jechuun Rooyitarsitti himan. Waraanni irra deebin eegalee, Kaaba Walloo keessatti kan argamtu magaalan Qobboo harka humnoota Tigraay galuun ishee kan dhagahame Hagayya 27 gara galgalaa ture. Oduun kan dhagahame mootummaan federaalaa humnoonni Tigraay magaalattii keessatti lola magaalaa banuuf qopha’aa akka jiranii fi kallattii hedduun lola akka banan beeksisuun magaalattii gadi dhiisee deemuu erga beeksiseen booda. Humnoonni Tigraay Qobboo to’achuu hordofee namoonni heddu magaalattii gadi dhiisanii baqataniiru jedhame. Yeroo ammaa naannawa Qobbootti humnoota Tigraay fi humnoota mootummaa gidduutti lolli cimaan gaggeeffamaa akka jiru jiraattonni naannichaa BBCtti himaniiru.
Dorgomtoota Pirezidantii Federeeshinii Kubbaa Miilaa Itoophiyaa waliin wal baraa Federeeshiniin Kubbaa Miilaa har’aafi boru jechuunis ALI Hagayya 21 fi 22 yaa’ii waliigalaafi filannoo pirezidantii ni taasisa. Pirezidantii ta’uf Pirezidantin Federeeshinichaa Obbo Isaayyaas Jiraa, Obbo Tokkichaa Alamaayyahuufi Obbo Malaakuu Fantaa ni dorgomu. Filannoon pirezidaantummaan alatti miseensota koree hojii raawwachiiftuu ta’uf kaadhimamtoonni 32 dhihaataniiru. Kaadhimamtoonni koree filannoo raawwachiiftuun ilaalamaniiru. Pirezidantiin haaraa filamu imaanaa guddaatu isa eeggata. Ispoorticha ammayyeessuuf, guddisuufi garee dirree itti taphatu dhabee biyya ormaatti taphatuuf furmaata kennuutu irraa eegama. Yaa’iin waliigalaa kuni jalqaba Magaalaa Gondaritti akka taasifamu erga himamee booda gara Finfinnee akka deebi’u ta’e. Dorgomtoonni sadan naannolee lamaafi bulchiinsa magaalaa tokko bakka bu’an. Sadanuu dhiiradha. Obbo Isaayyaas waggoota afran darbaniif Pirezidantii Federeeshinii Kubbaa Miilaa Itoophiyaa ta’un tajaajiluutti jiru. Amma irra deebiin dorgomu. Dabalataan, ga’eessi ganna 50 Pirezidantii I/Aanaa Waldaa Kubbaa Miilaa Biyyoota Bahaafi Giddugala Afrikaa [CECAFA] ta’un tajaajilaa jiru. Obbo Isaayyaas Jiraa Naannoo Oromiyaa bakka bu’uun dorgomu. Waggaa afur dura ALI bara 2010 naannoo Oromiyaa bakka bu’uun dorgomanii injifatan. Adeemsa filannoo yeroosii magaalaa Samaraatti taasifame ''nuffisiisaa'' jechuun ibsan. Filannichi marsaa lamaan taasifame. Yeroos hojii gaggeessaa kilabii kubbaa miilaa magaalaa Jimmaa ta’anii hojjetaa turan. Waggoota 20 oliif hooggansummaan ispoortii keessa turuu miidiyaalee biyya keessaaf himaniiru. Kana dura hojii gaggeessaa kilabii kubbaa miilaa magaalaa Jimmaa akkasumas kilabii kubbaa miilaa magaalaa Sabbataa ta’un tajaajilaniiru.
Bara pirezidantii federeeshinichaa turan kanatti ‘’waan qabatamaafi ijaan mul’atu’’ dalaguu himan. Garuu, ‘’Gahaadha jennee hin yaadnu’’ jechuun ibsan. ‘’Waan qoma nama dhiibsisu osoo hin taane, waan mataa nama gad hin qabachiifne hojjenneerra,’’ jechuun miidiyaa biyya keessaatti himan. Wantoota irra-deebiin yoo filaman dalaguuf yaadan keessaa inni ijoo gurmaa’insa kilabootaa irratti ta’u ibsan. Hojiin kuni deebii baay’ee deebisa jechuun himan. Obbo Tokkichaa Alamaayyahu kaadhimamtoota pirezidaantummaa Federeeshinii Kubbaa Miilaa Itoophiyaaf dorgoman sadan keessaa umriin isa xiqqaadha. Bara 1975 magaala Goreetti kan dhalatan Obbo Tokkichaan ga’eessa ganna 39’ti. Yeroo ammaa magaalaa Dirre Dhawaa bakka bu’uun dorgomu. Biyya Ingliiz Yunivarsiitii Livarpuul irraa mummee barnootaa Mahaandisummaa Siiviiliin kan ebbifaman Obbo Tokkichaa, ga’eessa hojii uumtummaan maqaa horatanidha. Damee hojii ijaarsaa irratti bobba’uunis biyyaalee Afriikaa garaagaraarra naanna’uun hojjetaa turuu himu. Waggoota afur dura immoo kubaaniyaa ‘Elnet Technologies’ jedhamu hundeessuunfii isa jalattis dhaabbilee 11 ta’an ijaaruun dameelee invastimantii garagaraa irratti akka bobba’an seenaan jireenya isaanii hima. Ispoortiin kubbaa miilaa Itoophiyaa jijjiirama bu’uuraa akka isa barbaachisu dubbatu. Kaadhimamaan kun kutaaleen ispoortii kubbaa miilaa sadarkaa manneen barnootaa hanga kilabootaa jiran qindoomina uumuu akka qaban himu. Pirezidaantummaan yoo filamanis federeeshinicha gama faayinaansiin cimsuu fi walitti dhufeenya dhaabbilee kubbaa miilaa idil addunyaa kan akka FIFA walin qabu guddisuu irratti akka hojjetan dubbatan. Dirreewwan kubbaa miilaa /Isteediyeemiiwwan/ magaalota garagaraa fi Yunivarsiitiilee keessatti ijaaraman fooyyeessuun gahoomsuuf yaada qabu.
Dirreewwan kubbaa miilaa /Isteediyeemiiwwan/ magaalota garagaraa fi Yunivarsiitiilee keessatti ijaaraman fooyyeessuun gahoomsuuf yaada qabu. Akkasumas, lammiileen Itoophiyaan dhaabbilee akka Konfedereeshinii Kubbaa Miilaa Afriikaa /CAF/ fi FIFA keessatti gahee hooggansummaa akka qabaattu gochuunis kaayyoowwan isaan keessaati. Obbo Malaakuu Fantaan Naannoo Amaaraa bakka bu’un dorgomu. Filannoo waggaa afur duraan naannicha kan bakka bu’an Obbo Takkaa Asfaaw lammaffaan xumuran. Obbo Malaakuun kana dura ministira galiiwwanii federaalaa ta’un tajaajilani. Bara bulchiinsa isaanii malaammaltummaan shakkamuun mana murti deddeebbi’aa turan. Isaan garuu himannaa irratti baname waakkatan. Akka gabaasa miidiyaalee biyya keessaatti walitti qabaa boordii Baankii Amaaraa, akkasumas Waldaa Misooma Amaaraa ta’un tajaajilaa jiru. Dabalataan, miseensa boordii kilaba kubbaa miilaa Faasil ta’uunis tajaajilu. Yoo filamanis dhageettii CAF keessatti Itophiyaan qabdu dabaluuf akka hojjetan himan. Dabalataan, istaadiyeemiiwwan yeroo gabaabaatti xumuramanii gareen biyyaalessaa dirree isaarratti akka taphatu nan taasisa jedhan. Sababa dirreen mijataa yookiin sadarkaa isaa eeggate dhibeef gareen kubbaa miilaa Itoophiyaa gulaallii waancaa Afrikaa dirree ormaatti taphate. Kubbaan miilaa keenya ‘’jijjiirama guddaa’’ akka barbaadu kan ibsan Obbo Malaakuun, kubbaa miilaa dubartootaaf xiyyeeffannoo akka kennan himan. Obbo Malaakuun adeemsi filannoon kanaa ifa akka ta’u gaafataniiru.
Xiyyaara daangaa Itoophiyaa osoo seentuu rukutamte jedhamerratti Sudaan Ambasaaddara Itoophiyaa haasofsiifte Xiyyaara waraanaa daangaa qilleensa Itoophiyaa seenee ture rukutee kuffisuu humni waraana Itoophiyaa erga himee torbee tokko booda Sudaan ambasaaddara Itoophiyaa Kaartum jiru waamtee haasofsiifte. Humna waraanaa Itoophiyaatti angawaa waraanaa olaanaa kan ta’an Meejar Jeneraal Tasfaayee Ayyaalew fi Ajaja Humna Qilleensa Itoophiyaa kan ta’an Leetinant Jeneraal Yilmaa Mardaasaa torbee darbe xayyaarri waraanaa Antoonov 26 jedhamu karaa Sudaan daangaa Itoophiyaa cabsee seenuu himanii turan. Xiyyaarri waraanaa Sudaan irraa ka’ee daangaa qilleensa Itoophiyaa seene rukutamee kufuu Sudaanitti ambasaaddarri Itoophiyaa ibsuu isaanii maddi oduu Sudaan Sunnaa jedhamu ministeera dhimma alaa biyyattii waabeffachuun gabaasera. Maddi oduu Sunnaa akka jedhutti Sudaan ibsa ambasaaddara Itoophiyaatti waan hin gammanneef Ministeerri Dhimma Alaa Sudaan Ambasaaddar Yibalxaal A’imiroo waamun yaada kennan akka jijjiiran gaafateera. Ambasaaddarri Itoophiyaa ibsi isaan miidiyaalef kennan Sudaan akka hin gammachiisne Dhimmoota Afrikaa irratti Daayireektara Jeneraala Sudaan kan ta’an Fadilaa Abdullahi Fadilaa ibsuu isaanii Sunnaan gabaasera. Xiyyaarri waraanaa Antonov 26 jedhamu gaafa Hagayya 23 halkan keessaa sa’aatii 4:00 irratti karaa Sudaan daangaa qilleensa Itoophiyaa seenuuf osoo jedhuu rukutamee kufuu ibsee ture. Xiyyaarri rukatamee kufe jedhame kun humnoota Tigiraayiif meeshaa waraanaa geessuuf osoo jedhuu akka rukutame Mejer Jeneraal Tasfaayee Ayaalew ibsanii turan. Mootummaan Itoophiyaa xiyyaarichi rukutame kan eenyuu akka ta’e ifatti waan jedhe hin qabu, garuu “xayyaarichi humnoota TPLF deeggaraa kan jiran kan diinota keenyaa ta’uu hin oolu” jedhee ture. Waa’ee xiyyaaricha rukutamee kufe jedhamee ilaalchisee humnoonni Tigraay soba jedhan.
Waa’ee xiyyaaricha rukutamee kufe jedhamee ilaalchisee humnoonni Tigraay soba jedhan. Ambasaaddar Fadilaa Abdullaahii Fadilaa yaanni Ambasaaddarri Itoophiyaa kennan “himannaa bu’uura hin qabnee” fi walitti dhufeenya dippilomaasii biyyoota lamaanii irratti dhiibbaa kan fiduudha jedhan. Xiyyaarri waraanaa eeyyama osoo hin argatin daangaa qilleensa Itoophiyaa seenee rukutame erga jedhameen booda balaliin wal fakkaatan gara Naannoo Tigiraayitti godhamaa akka turan maddeen garaa garaa ni himu. Taateen xiyyaara rukutame jedhamee osoo hin dhagahamin torbee tokko dura MM Abiy Ahmad walgahii dargaggoota wajjin magaala Finfinneetti taasisan irratti haasaa taasisaniin balaliiwwan dhoksaa gara naannoo Tigiraay seenaa akka ture mootummaan akka beeku dubbatanii turan.
Dhalanii gatuufi rakkoo hawaas-dinagdee walqabatan dabaleef sababiin maal, furmaanni hoo? Mudannoo yeroo kutaa 3ffaa barattu ishee gaddisiiserraa kaatee waggoota soddomaan booda dhabbata gargaarsa daa’immaniifi maanguddoo Saw la saw jedhamu kan hundeessite Zamanaay Asfaawu daa’imman bakkeetti gataman dabalaa jiraachuu BBCtti himteetti. Zamanaay dubartii dhaabbata daa’imman haadha isaaniitiin gatamaniif haadha ta’ee lafaa kaasu, maanguddoo gargaarsa hin qabne kunuunsuufi gargaaru hundeessitedha. Bu’aa bayii ishee mudatuufi miira walmakaa keessummeessaa ooltu turtii BBC waliin taasisteen dubbatteetti. Dhaabbanni gargaarsa daa’immaniifi maanguddoo Saw la saw ykn 'Namni namaaf' jedhamu dhaabbata biyya keessaa yoo ta’u, bara 2010 A.L.I’tti maanguddoota 3 fi daa’ima 1 daandiirraa kaasuun magaalaa Jimmaatti hojii eegale. Amma namoonni 60 ta’an tajaajila dhaabbanni kun kennu keessatti hammatamanii kan argaman yoo ta’u, hanga yoonaatti namoota 215 ta’aniif gargaarsa akka kenne himti, hundeessituun dhaabbatichaa Zamanaay. Waggoota arfan darban keessa daa’imman umuriin isaanii 0-16 ta’an, maanguddoota, akkasumas namoota rakkoo sammuu qabaniif gargaarsa taasisaa jira. Maanguddoonni balaa adda addaatiin miidhama qaamaa qabanis ta’ee daa’imman sammuun miidhamanis (autistic children) jiru. Yaanni kun yeroo kutaa sadaffaa barattu jalqabee onneeshee keessatti biqiluu kan yaadachiistu Zamanaay, “magaalaa Jimmaatti mana barumsaa sadarkaa 1ffaa Kittoo jedhamu otoo deemnuu wayita allaattiifi saroonni dabaree dabareedhaan bakka tokkotti marsanii arginee waansaa wallaalle. ''Booda hiriyaankoo daa’imni tokko kosii keessatti gatamee akka jiru natti himte. Ani dhaqee ija kootiin ilaaluuyyuu hin dandeenye; nan sodaadhe.
''Boodarra daa’imni sun lubbuun darbuun ollaan akka pilaastikiin maree achumatti awwaaleen dhaga’e. Onnee ijoollummaatiin baay’een gadde. Erga guyyaa sanaatii jalqabee yaanni daa’ima gatame, nama gargaarsa dhabe gargaaruu jedhu keessakoo buufate,” jechuun waan akka dhaabbata kana hundeessituuf ishee kakaase BBC’tti dubbatti. Mana amantaa hordofaa turte keessattis namoota gargaarsa hin qabne hedduu gargaaraa turuu kan dubbattu Zamanaay, fedhiin nama gargaarsa hin qabne utubuu jedhu keessa isheetti guddachuu kaasti. Dabalataanis, bultoo horattee gara Kibba Itoophiyaa, magaalaa Miizaan yeroo turtettis aadaan hawaasa naannoo Beench Maajii namoota rakkoolee fayyaa gara garaa kan akka maraammartoofaa keessa galan akka abaarsaatti ilaaluun moggaatti akka baasu kan kaastu Zamanaay, al-idileedhaan namoota sana gargaaruuf dhama’aa turuu dubbatti. Haaluma kanaan otoo jirtuu akka carraa abbaan manaashee boqochuu kan dubbattu haati ijoollee dhiiraa lamaa yeroosiifi haati daa’imman haadha isaaniitiin gatamanii ammaa Zamanaay, yeroo gara Jimmaatti deebitutti wanti yeroo kutaa 3ffaa barattu argite sun itti yaadatame. Kun ammo akka nama gargaarsa hin qabne gargaartu ishee kakaase. Isaan booda ‘uqqubii’ seenuun lafa abbaan ishee magaalaa Jimmaatii isheef kennerratti mana ijaaruudhaan firaashii, sireefi waan uffatamu ammoo hoteelota kadhachuun bara 2010 A.L.I'tti hojii daa’imman bakkeetti gataman fi maanguddoo gargaarsa hin qabne kaasuun gargaaruu eegaluu dubbatti. Mul’anni ijoollummaashee haala kanaan dhugoomee arguu isheetti hundaa’ol akka gammaddu kan himtu Zamanaay, adeemsa nama gargaaruu keessatti waantonni gaddisiisoo ta’an akka ishee mudatanis kaasti. “Daa’imman bakkeetti gataman gara dhaabbata kanaa dhufanii fooyya’anii nama guddifatutti kenninee, guddatanii, mana barumsaa galanii yeroon argu baay’een gammada.
''Yeroo tokko tokko ammoo daa’imman gataman kunneen dhoksaadhaan halkanfaa bakkee namni hin arginetti waan gatamaniif erga miidhaan fayyaa isaaniirra gahee dhufu. ''Hanga fedheyyuu dhaamaatee kan itti hin wayyoofne jiru. Balaa hamaan irra gahee kan lubbuun darbanis jiru. Kan fayyuuf abdii hin qabne ammoo hanguma lubbuun jiranitti qofa hanga humna keenyaa kunuunsinus jiru. ''Inni kun ammoo miira gaddaa cimaa keessa si galcha,'' jechuun ibsiti. Haala kana keessatti maatiin yeroo baay’ee ijoollee dubaraa waan filataniif warri dhiiraa baay’inaan akka giddugalichatti hafan ibsiti Zamanaay. “Erga isaan sirriitti of baranii booda maatiin guddifatu yoo dhufe illee, daa’imman asii bahuu hin barbaadan waan ta’eef qorumsa guddaadha. ''Kanaaf, hamma danda’ametti maatiin guddifachuu fedhu umurii daa’imummaa isaaniitiin akka fudhatu gorsina,” jechuun dubbatti hundeessituun dhaabbatichaa. Gama tokkoon eeruu hawaasaa ishee gahu hordofuun daa’imman gatamanis ta’ee maanguddoo gargaarsa hin qabne akka kaastu kan dubbattu Zamanaay, gama biraan ammoo waajjirri dhimma dubartootaafi daa’immanii, poolisii waliin ta’uun daa’imman gataman kaasuun akka gara dhaabbatichaa fidan BBC’tti himteetti. Yaannikoo maanguddoota gargaarsa hin qabne irratti hojjechuudha ture kan jettu Zamanaay, amma garuu taateen daa’imman gatuu yeroodhaa yerootti dabalaa waan dhufeef akka dhaabbataatti daran isaan yaaddessaa akka jiru dubbatti. “Daa’imman gataman haala hamaa ta’een bakkee hin malletti doloolloo, boolla bishaaniifi mana fincaaniifaa keessatti halkan, rooba keessattifaa waan gatamaniif dhukkubsatoo ta’u; fayyaa isaanii deebisuuf rakkoo hedduu keessa darbina,” jechuun dubbatti. ''Namni guddifatu daa’imni fayyee nagaa ta’ee malee fudhachuu waan hin barbaanneef, aarsaa guddaa nu kaffalchiisa.''
Kana hundarrayyuu darbee ammoo daa’imman sababa haala hamaa keessa turuu irraan kan ka’e lubbuun isaanii darbes akka turan kan yaadachiistu Zamanaay, daa’imman 15 ta’an haala kanaan akka du’an gaddaan dubbatti. Aadaan nama gargaaruu gad bu’aa ta’uu kan ibsitu Zamanaay, waggoottan jalqabaa lamaan daran rakkisaa turuufi amma garuu foyyeen jiraachuu himti. “Nama gargaaruu dhiisuu cinaatti nu warra hojii kanarratti argameef maqaa gara garaa kennuufaatu ture,” jechuun aandaan gargaarsaa gadi bu’aa akka ta’e himti. Waggoota lamaan as, keessumaa erga Ministirri Muummee Abiy Ahmad (PhD) daa’ima tokko fudhachuun guddifatanii as kaka’umsi gaariin uumamuu himti Zamanaay. Dubartiin daa’ima hin qabne kan biyya Noorweey jirattu tokko gocha ministeera muummee erga TV dhaan argiteen booda dhaabbaticha irraa daa’imman sadii (dhiira 2 fi dubara 1) akka fudhatte kan dubbattu Zamanaay, sana booda yoo xiqqaate kaka’umsi daa’ima fudhatanii guddifachuu jiraachuu kaasti. Maddi galii dhaabbatichaa murtaa’aa ta’uu kan kaastu hundeessituun dhaabbatichaa “galii dhaabbataa kuma 20 hin caalle kan miseensa dhaabbatichaa 280 ta’an irraa argamu qofadha. “Mukni tokko qofaasaa ni aara malee hin boba’u waan ta’eef namoonni waan danda’an hundaan akka nu gargaaran,” jechuun dhaamsa dabarsiti. Kanaan dura tola-oolaa hakimaa tokko qofa akka qaban himuun, amma garuu narsoota lama kan dabaree dabareen fayyaa daa’immanii hordofan akka qaban dubbatti. Dhiyeenya kana ammoo dhalattuun biyya Arabaa tokko hojiidhaaf gara Yunivarsiitii Jimmaa kan dhufte yoo ta’u, narsoota dabalataa fayyaa daa’immanii hordofan qacaruun qaamaan gara wiirtuu kanaatti yeroo yeroon marmaaraa gargaarsa taasisaa jiraachuu dhugaa baati.
Gochi ishee kun waan baay’ee nama barsiisa kan jettu Zamanaay, “namni lammummaas ta’ee jireenya hawaas-dinagdeetiin hariiroo nu waliin hin qabne, namummaadhaan qofa akkasitti nu gargaare, lammiilee Itoophiyaatiif ergaa guddaa dabarsa,” jechuun dubbatti. Yunivarsiitii Jimmaatti qorattootaafi barsiisota Sooshaalwoorkii kan ta’an Wubsheet Hayiluu fi Waariyoo Waaqoo sababoota daa’imman gatamaniif, “rakkoo dinagdee, ulfa fedhii malee, sodaa ilaalcha hawaasaa, rakkoon xiin-sammuu, gaa’elaan ala dahuufi sodaa qeeqa hawaasummaa irraa ka’uudhaan dubartoonni daa’imman dahanii gatuu danda’u,” jechuun BBC’tti himaniiru. Itti-gaafatamtuun biiroo dhimma dubartootaafi daa’immanii magaalaa Jimmaa Aadde Nabiyaat Abbaamaccaa gama isaaniin, “magaalaan Jimmaa giddugala Kibba-Lixaa Itoophiyaa waan taateef sochiilee hawaas-dinagdee hedduu keessummeessiti. ''Gochi daa’imman bakkeetti gatuus irra guddaan aanaalee ollaa gara garaa irraa gara magaalichaatti dhufuudhaan kan raawwatudha. Sababni gocha kanaa ammoo dinagdeedhaan of-danda’uu dhabuu dubartootaa, aadaa hawaasichaafi ulfa gaa’ilaan ala raawwatudha,” jechuun BBC’tti himan. Daa’imman gatamuun kun rakkoo hawaas-dinagdee walxaxaa ta’us, xiyyeeffannoon mootummaan kenneef garuu gadi aanaa ta’uu BBCtti himan barsiisaa Wubsheet. Keessumaa ALI erga bara 2009'tti guddifachaan biyya alaa dhorkamee as dhaabbileen tursiisaafi kunuunsa daa’immanii (foster care) baay’een waan cufamaniif rakkoon ballateera. Warri akka Saw la Saw humna muraasaan daa’imman gataman hunda ofitti fudhachuuf dandeettii gahaa hin qabani. Rakkoo kana hir’isuudhaaf akka mootummaatti guddifachaan biyya keessaa jalqabameera, garuu ammoo hangana bu’aa qabeessa miti kan jedhan hayyoonni Sooshaalwoorkii BBCn dubbise kunneen, qaamota dhimmi ilaallatu hirmaachisuun barbaachisaadha jedhu.
Rakkoo kana hir’isuudhaaf akka mootummaatti guddifachaan biyya keessaa jalqabameera, garuu ammoo hangana bu’aa qabeessa miti kan jedhan hayyoonni Sooshaalwoorkii BBCn dubbise kunneen, qaamota dhimmi ilaallatu hirmaachisuun barbaachisaadha jedhu. Barsiisaa Wariyoon akka jedhanitti, dhimma kana irratti hubannoo bal'aa uumuu, aadaa guddifachaa jabeessuufi dubartii daa’ima gattu seeraan adabuu dabalatee hojiiwwan cimaan hojjetamuu qaba. Rakkoo daa’imman dhalanii gatuu babal'ataa jiru kana hir’isuuf dubartoota sababa rakkoo dinagdeen gara magaalaa Jimmaatti godaanan dinagdeen cimsuudhaaf hojjetamaa jiraachuu himu itti-gaafatamtuu waajira daa’immaniifi dubartootaa Aaddee Nabiyaat. Dubartoota dhibbaan lakkaa’man leenjii hojii uumuufi hubannoo fayyadama liqaafi qusannoo irratti leenjiin kennamaafiif akka jirus dubbatu. Gama biraan ammo barattoonni dubaraa Kolleejjii Barsiisota Jimmaa duraan bakkee jiraataa turan rakkoo gara garaatiif saaxilamaa akka turan waan irra gahaniif, kolleejjicha waliin dubbatanii akka mooraa keessaa jiraatan taasisuu kan himan Aadde Nabiyaat, “Rakkoon isaa hunda keenya waan ilaallatuuf nuti hunduu furmaata ta’uu qabna,” jechuun dhaamu.
Hongeen Arfrikaa Bahatti mudate hanga yaadamuun olidha -UK Hongeen Afrikaa Bahaatti mudate hanga yaadameen ol yaaddessaa akka ta'e Ministirri Dhimma Afrikaa Yunaayitid Kingidam (UK) ibsan. Afrikaatti waggoota kurnan darban keessatti hongee hamaa mudateerraa kan ka‘e namoonni miliyoonaan lakka’aaman rakkoo hamaa keessa jiraachuu akeekkachiisan Viikii Foord. Namoonni miliyoona torbaa ol gargaarsa namoomaa atattamaan barbaadu kan jedhan aanga'aan kun, "Hongeen kun kan yaadameen oli" jechuun himan. Namoonni bishaaniifi soorata barbaaduuf jumlaan akka buqqa'aniifi kiilomeetira dhibbaan lakkaa‘amu akka deemaniif sababa ta’eera. Waqtii roobaa afuriif walitti aanee roobni dhabamuu, walwaraansa naannichatti rawwaatu, gatiin midhaanii qaala’uufi dhiibbbaa weerarrii koronaavaarasii uume rakkoo namoomaa duraan ture ittumaa hammeesse. Viikii Foord biyyoonni michuuwwan ta'aniifi arjoomtoonni sadarkaa addunyaatti beekaman beela sababa hongee kanaan mudateen lubbuun namoota hedduu akka hin banne hambisuu qabu jechuun waamicha dhiyeessan. Somaaliyaa keessatti qofayyuu daa’imman 380,000 ol ta’an hanqinaa nyaataan hubamuun, xumura bara kanaatti du’aaf saaxilamoodha jedhan Aadde Foord. Mootummaan UK Paawundii miliyoona 100 fi miliyoona 50($ miliyoona 100 fi miliyoona70) bara kanatti gargaarsa namoomaaf gumaachuuf jira. Soomaliyaan Afrikaa Bahaatti biyya hunda caalaa miidhamte yoo taatu, Kibba Itoophiyaafi Kaaba Keeniyaattis namoonni miliyoonaan lakkaa’aman sababa rakkoo hongeen rakkataa jiru. Hongeen waggoota 40 keessatti isa hamaadha jedhame biyyoota Gaanfa Afrikaa hubeera. Itoophiyaa keessatti keessumaa bakkeewwan kibba-baha Oromiyaa akkasumas Naannoo Somaale kanneen hubaman keessaati. Dhaabbati Biyyoota Gamtoomanii (UN) Itoophiyaa keessa namoonni miiliyoona 20 caalan gargaarsa nyaataa akka barbaadan ibseera.Isaan keessaa harka 3/4ffatti kan dhihaatan daa'immaniifi dubartoota.
Dhaabbati Biyyoota Gamtoomanii (UN) Itoophiyaa keessa namoonni miiliyoona 20 caalan gargaarsa nyaataa akka barbaadan ibseera.Isaan keessaa harka 3/4ffatti kan dhihaatan daa'immaniifi dubartoota. Hongeedhuma kanaan horiin miiliyoona 3 ol ta'an du'uu dhaabbatichi kana dura ibsee ture. Sagantaan Nyaataa Addunyaa gabaasa baatii tokko dura baasen hanga Ebla darbeetti namootni miiliyoona 7.2 guutuu biyyaatti deeggarsa nyaataa barbaadu jedhe.
Gaggeessitoonni Oromoo-Keniyaa beekamoon filannoo miillanaan maaliif milkaa'uu dhaban? Uummanni Oromoo Keeniyaa warra daayaasporaallee dabalatee bu’aa filannoo Keeniyaa bara kanaa hawwii guddaan eegaa jiru. Fayyadamtoonni miidiyaa hawaasummaa ammoo namoota beekamoo naannoo garagaraa bulchaa turan injifataniiruu jechuun gammachuu isaanii ibsaa turan. Gaggeessitoonni Oromii-Keeniyaa buleeyyii aangoo dhabanis, bakka tokko tokkotti ammoo wartri paartiin bakka bu'uun teessuma paarlaamaa argatan ammoo ni jiru. Abba Mohaammud Alii bulchaa Kaawuntii Marsabiit ta'un irra-deebiin filatamaniiru. Naawomi Waaqoon immoo bakka buutuu dubartootaa ta'un filatamte. Namoonni siyaasaa Oromoota biratti beekamtii qaban akka Diidoo Raasoo, Mohaammad Tupii, Muuminaa Goolloofi Piroof Guyyoo Jaldeessaas milkaa'aniiru. Haata'u malee, gaggeessitoonni jajjaboo akka Aab Alii Waariyoo fi Aadde Rahiimaa Jaldeessaa aangoo dhabuun dhimmi rakkoo jiru adda baasuun irratti hojjechuu feesisu jiraachuu akeeka jedhu namoonni. Namoota jarreen kana hawwiin eegaa turaniif wanti kun hibboo itti ta'ee maal ta'inna jechuun gaaffii guddaa kaasaa jiran. Keeniyaa keessatti yeroo baay’ee gosti filannoo keessatti bakka qaba. Warri gosti isaanii lakoofsaan guddaa ta’an injifachuun isaanii salphaadha. Gara naannolee uummanni Oromoo kan akka Booranaa, Gabraafi Ormaa itti baay'ataniitti rakkoon kuni jira. Dhiheenna kana ammoo gama hawaasa Booranaafi Gabraatti hawaasni qomoodhaan/miiloon wal-foo’uun namoonni gosa tokkoo barcuma takka barbaaduun sagalee walirratti qabuu isaaniin ykn hirachuu isaaniirraa kan ka'een dorgomaan hawaasicha keessaa hin taane akka mo'atu taasiseera. Waliif ooguu dhiisanii wal irratti dorgomuun harka qullaa akka hafan taasiseera jedhu namoonni filannoo kana itti dhiyeenyaan hordofan BBCn dubbise. Keeniyaa naannoo Taanaa Riivaar waggoota hedduuf akka miseensa paarlaamaatti bakka bu'anii kan turan Obbo Alii Waariyoo daafaadhuma kanaan dhabaniiru.
Akkasumas, bakka buutuu dubartootaa naannoo Isihooloo kan turte Aadde Rahiimaa Jaldeesaa dabalatee namoonni beekamoo ta'an hawaasa Oromoo-Keeniyaa filannoo miilanaa kanaan hin filatamiin hafaniiru. “Warri amma mo'achuu dhaban kunneen namoota hawaasa isaaniifi biyya isaanii jaalatan turan. ''Osoo isaan darbaniiru ta'ee Kaawontii afaan keenna dubbatu keessatti walii-galla ture. ''Kanaaf, gosti biraa itti duuluun isaan keessaa galchite,” jedha maanguddoon Ormaa Aab Usmaan Guutuu. “Isaan osoo argataniiru ta'ee lafa teennaaf milkii guddaa ture. Waan hedduu waliin hojjatanii ummata keenna hiyyummaa keessaa baasuu danda’an ture,” jedha. Namoonni kunneen jaarsoliin eebbifamanii filannoof kan dhiheessan yoo ta’u, namoonni biraa kan yeroo biraaf dabarsan ammoo dubbii jaarollee diduun [isaanirratti] filannoof dhihaatan. Naannoo Taanaa Riivaaritti, jaarolleen aangoo [Gavarnaraaf] Alii Wariyoo akka eebbisan hima Aab Usmaan. Haata’u malee, Gaavarnara duraanii kan ture Obbo Huseen Daadoo dubbii kana diduun irratti dorgome, akka Aab Huseen jedhanitti. Alii Waariyoo fi Huseen Daadoo gosa Oromoo Ormaa yoo ta’an, lamaanuu adda addaan dorgomanii sagalee wal saamuun carraa ummata isaanii bulchuu waldhorkaniiru. Bakka isaanii namni biraa dorgomee argateera. “Kuni tokkummaa dhabiinsa, maaliif obboloonni waliif dhiisuu didan?'' jechuun gaafata Diimaa Haasan, dargaggeessi siyaasa kana dhiheennan hordofaa tureefi Alii Waariyoo akka filatamu duula lallabaa kan ture. Keeniyaa keessatti aangoo siyaasaaf dorgomuun maallaqa guddaa gaafata. Maallaqni kun bakka walgaʼii kireessuu, barreeffamoota lallabaa maxxansuu, beeksisa, namoota duula geggeessaniif kaffaluufi loojistikiif oola. Kaadhimamtoonni deeggarsa akka baasii hospitaalaa, kaffaltii mana barumsaa, mana jireenyaa ijaaruu, daldala eegaluu dabalatee waan hedduuf hawaasni maallaqa gaafata.
“Namni hedduun kura isaanii gurguraaf dhiheessan. Namni hedduun sababa hiyyummaafi sassata sagalee isaanii namoota biroof gurguran. Faayidaa nama biyyaaf ta’u dhiisanii kan kaffaluuf hordofan,” jedha Aab Usmaan. Keeniyaa keessatti uummanii sirna dimokirasiin bula. Haata’u malee, ummata horsiisee-bulaa hedduu keessatti garuu ummata amansiisuun jaarsoliin bulchoota hawaasaaf ta’u filu. Naannoo Isiholootti mareen jaarsolii Booranaa barcuma gavarnaraa [bulchaa], senaataraa, bakka buutuu dubartootaa dabalatee kan miseensota paarlaamaaf namoota filee ture. Ta’ullee namoonni siyaasaa Boorana ta’an murtoo kana fudhachuu dhabuun dorgomanii hundi isaanii dhaban. Dursaan ogeessota Booranaa naannoo Marsabeet Aab Goollichaa Soraa gara Isihooloo kanatti dogoggorri uumamuu ibsa. “Waan hunda ofiin fudhannee gosa biraa alatti hidhuuti akkan nu godhe. Isihooloon gosa hedduu qabdi. Akka jaarsaatti, jaarrolee Isihoolootti himeen ture, garuu isaan waan Booranni wal-guula galee sagalee kennate se’e,'' jedha Naannoo Taanaa Riivaaritti maree jaarsolii keessa kan jiru Aab Usmaan Guutuu, rakkoo kana kan fide dubbii jaarsoliifi gaaddisa isaanii qancarsuuti jedha. “Namni siyaasaa dubbii jaarsolii hin fudhatu, keessattuu yoo maallaqa qabaate. Amma gurbaa keenna kan gaavarnar ture Husseen Daadoo siif eebbifne Alii Waariyoof dhiisii jenne kadhanne. Ammoo maallaqaafi deegarsa namoota duraan qacare waan qabuuf dubbii teenna didee ammaa ummatii Ormaa qullaa hafe.” Akka yaada dargaggootatti garuu, jaarsolii dhagahuu dhabuu yookaan murtee isaanii qancarsuu osoo hin taanee, jaarsoliin garii maallaqaan bitamuu dubbatu. “Fakkeennaaf, naannoo Marsabeetitti mareen jaarsolii lama. Tokko maree jaarsolii Booranaa(Borana council of elders) jedhama, kaan ammoo maree jaarsolii Ballittii Boorana (Ballitti Borana council of elders) jedhama,” jedha Sa'id Umar dargaggeessi siyaasa hordofu.
Jaarsoliin wal-dhageettii dhabuun dhiibbaa hamaa siyaasaa hawaasa Oromoo Keeniyaa irratti geesissuu ibsa. Aab Usmaan Guutuu gama isaatiin, uummati gorsaafi marii jaarsolii hin hordofne ammaaf fuula duralleen akkanuma kasaaraa argata jedha. Ummati keenna galgalaa ganama waan siyaasaa haasa’a, garuu hubannoo siyaasaa hin qabu jedha Aab Gollichaa Soraa. “Gosti biyyaa paartii garagaraa keessa jiraatullee kaayyoof galmi isaanii tokko. Siyaasaan soba, Booranni hanga amma soba hin beekuu. Kanaaf, nama ofii dhiisee kan biraaf sagalee kenna,” yaada jedhu qaba. Nama ofii aangoorraa qabachuun dhimma dhuunfaa hawaasa tokkoof ga’ee guddaa qaba. Uummati ammoo hubannoo siyaasaa waan hin qabneef, tarsiimoo osoo hin taane miiraan sagalee kenna. “Namooti siyaasaa gariin qoxxee irraa kan ka’e uummataa miiraa keessa galchee lama sadiin barcuma tokkoof dorgomee hundisaanii dhaba.” “Kun waan ta’uu hin qabne addunyaa keessa jiru tanatti akka uummata tokkotti wal-qabannee bulchoota faayidaa uummataa qabdu filachuu dhabuun keenna salphina hamaadha.” Booranni damee lama qaba; Sabboo fi Goona. Gosa lamaanuu jala damee hedduuti jira. Siyaasa hammachaa jirtu kanaan duratti Booranni tokko- wal hin foo’u, amma ammoo damee adoo hin taane miiloon/qomoon wal foo’aa jira. Fakkeennaaf, Rahiimaa Jaldeesaa fi dubartiin har’a bakka buutuu dubartootaa injifatte Goona keessaa gosa Warjidda jedhamtuudha. Akka Aab Gollichi jedhutti, Warijidda miiloon gargar bahuun kaan Rahiimaa deegaree, kaan Muuminaa Gooloo deegare. Miseensaa Paarlaamaa Kaaba Isihooloo kan ture Obbo Odaa Hullufoo Sabboo keessa Maxxaarri, nami isaan dorgomuun murtoo jaarrolee dide Abdii Bankiin gosa isaati. “Amma lamaanu dhabanii, namni Turkaanaa jidduu bahee miseensa paarlaamaa ta’e,” jedha.
“Amma lamaanu dhabanii, namni Turkaanaa jidduu bahee miseensa paarlaamaa ta’e,” jedha.
Hariiroo Awurooppaafi Itoophiyaa bakka duraatti deebiyuuf fooyya'insa gahaan hin mula'nne -EU Dhukaasa dhaabuu marii irratti hundaa'e, loltoonni Ertiraa Itoophiyaatii bahuu, akkasumas dhiyeessi gargaarsa namoomaafi tajaajilawwan bu'uuraa addaan citan deebisuun hariiroo Awurooppaafi Itoophiyaa bakka duraan turetti deebisuudhaaf haal-dureewwan ka'aman akka ta'an Gamtaan Awurooppaa hime. Dabalataan sarbama mirgoota namoomaa qaama lamaaniin raawwataman ilaalchisuun itti-gaafatamumman akka jiraatu gochuun dhimma barbaachisaa akka ta'e Gamtaan Awurooppaa mootummaa Itoophiyaatiif ifa godheera. Dhimmoonni kunneen kora ministiroota dhimma alaafi nageenyaa Gamtaa Awurooppaa dhiyeenya taa'aman irratti kan ka'an akka ta'e pirezidantiin itti-aanaa Komishinii Awurooppaa Jooseef Booreel ibsaniiru. Barreeffama mata-duree 'Time to stop the forgotten war in Tigray' jedhuun ejjennoo Awurooppaan qabdu maala akka ta'e agarsiisaniiru Jooseef Booreel. Barreeffamni isaanii kun ammoo fuula marsariitii Gamtaa Awurooppaa irratti baheera. Dhukaasa dhaabuun Bitootessa darbe labsameefi marii siyaasaa ilaalchisee fooyya'insi tokko tokko jiraatulleen, hariiroo Gamtaa Awurooppaafi Itoophiyaa gara bakka duraan turetti deebisuudhaaf ammallee gahaa miti jedhameera. Sababa sarbama waraana waliin walqabatee uumameen hariiroon Gamtaa Awurooppaafi mootummaa Itoophiyaa gidduu jiru laafuu hordofee Gamtichi deeggarsa baajataa dhorkuun isaa ni yaadtama. Akkas ta'ees Gamtichi "deeggarsa uummata Itoophiyaatiif taasisu hin dhaabne" kan jedhan Jooseef Booreel, kanaaf ammoo hawaasa sababa waraanaatiin miidhamaniif deeggarsa fayyaafi barnootaaf kan oolu Yuuroo miliyoona 80 kennuu dubbatan. Naannoon Tigraay waggoota lamaan darban keessa beelaafi miidhaan saala irratti hundaa'e meeshaa waraanaa itti ta'an, haala hamaa keessa jirti jedhan aanga'aan Awurooppaa kun.
Naannoon Tigraay waggoota lamaan darban keessa beelaafi miidhaan saala irratti hundaa'e meeshaa waraanaa itti ta'an, haala hamaa keessa jirti jedhan aanga'aan Awurooppaa kun. Qaamolee lamaan biratti mariin nagaa akka gaggeeffamu fedhiin akka jiru himamullee, "nyaata, qoricha, tajaajila ibsaa, telekoomiifi baankii dhorkuun akka meeshaatti hojiirra oolaa jiru," jedhan. Jilli Ergamaa Addaa Gaanfa Afriikaa Awurooppaafi Ameerikaa, akkasumas Itoophiyaatti ambaasaadaroota Kaanaadaafi Xaaliyaan of keessa qabu Adooleessa 2, 2022 gara magaalaa guddoo Tigraay Maqalee imaluun aanga’oota TPLF waliin wali arguun isaanii ni yaadatama. Dippilomaatoonni lixaa gara Maqalee imalauu isaanii hordofuunis ibsa waloo baasaniin: ‘‘walitti bu’insa Kaaba Itoophiyaa jiru furuudhaaf mariin siyaasaa barbaachisaadha,’’ jedhanii ture. Kana malees, dhorkaan boba’aa, maallaqa callaafi xaa’oo irra kaa’amee ture ka’uu qabaatan kan jedhan yoo ta’u, tajaajilliwwan bu’uuraa naannichatti adda citanii turan deebiifamanii suphuuf nageenya hojjattootaa kan mirkaneessu xalayaa naannoo Tigraay irraa mootummaa Federaalaatiif qabatanii deebi’usaanii ibsanii ture. Mootummaan Itoophiyaa ammaa gama isaatiin ergamtootaafi dippilomaatoota biyyootaa liixaa gara Maqalee imalanii turan irratti komii akka qabu ibsee ture. Gorsaan Nageenya Biyyaaleessaa Ministira Mummee Ambaasaadar Reediwaan Huseen akka fuula Tiwitara isaanii irratti barreessaniitti, haala dippilomaatoonniifi ergamtoonni gara Maqalee imalanii turan dhimmicha itti qabatan ilaalchisee mootummaan Federaalaa komii irraa qabu hawaasa addunyaatiif ifa taasiseera jedhan. Ambaasaadar Reediwaan jilichi marii nagaa irratti xiyyeeffachuun osoo irraa eegamuu, haal-dureewwan TPLF irratti xiyyeeffateera jechuun komate.
Dooniin UN, Itoophiyaaf qamadii fe'ee buufata doonii Yukireen irraa ka'e Waraanni Raashiyaafi Yukireen erga eegalee yeroo jalqabaaf dooniin UN buufata doonii Yukireen irraa midhaan feetee kaaate gara Gaanfa Afrikaatti qajeelte. Dooniin UN kun buufata doonii Pivdennyi Laden kan galaana gurraacharra argamurraa qamadii toonii 23,000 fe'uun gara biyyahongeen miiliyoonota miidhaa jiruutti qajeeleera. Dhaabbata Biyyoota Gamtoomaniitti Sagantaan Nyaataa Addunyaa(WFP) Waraanni Yukireen eegaluu harka walakkaa qamadii deeggarsaaf oolu kan bitu Yukireen irraayi. WFP addunyaa guutuutti namootni miiliyoona 345 ta'an biyyoota 82 keessatti hanqina midhaan nyaataaf saaxilamanii deeggarsa atattamaa barbaaduu jedha. Waraana Raashiyaafi Yukireeniin walqabatee midhaan biyya alaatti argam Yukireen irraa danqame akka itti fufu UN tattaafii godheen dooniwwan hedduun amma Yukireenii midhaan fe'anii bahaa jiru. Adoolessa 22 ture UN, Raashiyaafi qaamolee biroo waliin haala midhaan Yukireen biyyoota alaaf erguu akka itti fuftu waliigalteerra kan gahe. Midhaan amma dooniin UN Yukireen irraa feete deeggarsa WFP, dhaabbilee gargaarsaa US fi deeggartoota kaaniin bitame. Deeggarsi kun biyya lammiileen ishee miiliyoona 7.5 ta'an hongeen miidhamanii deeggarsa nyaata atattamaa barbaadaniif dhiyaata jedhameera. Mootummaan Itoophiyaa hongee hamaa seenaa waggoota 40 keessatti mul'atee hin beekne kan Somaaliyaafi Keeniyaas miidhaa jiruun lammiileen miiliytoona torbaa ol ta'an miidhamuu gabaaseera. Balaan hongee kun humna mootummaan ol akka hin taanees Komishiniin ittisa balaafi Qophaayinaa biyyattii torbanoota dura BBC'tti himee ture. Gama kaaniin Godinaalee Oromiyaa hongeen miidhaman keessa deeggarsi gahaa akka hin jirreefi daaa'imman du'aa jiraachuu hooggantootni aanaalee BBC'f himaniiru.
Gama kaaniin Godinaalee Oromiyaa hongeen miidhaman keessa deeggarsi gahaa akka hin jirreefi daaa'imman du'aa jiraachuu hooggantootni aanaalee BBC'f himaniiru. Oromiyaa keessatti qofa naootni miiliyoona 3.7 ta'an hongeen miidhamuu Waajirri Buusaa Gonofaa Oromiyaa beeksiseera.
Dhibee waliin isaa wallaalame Kibba Itoophiyaatti harroota galaafataa jira Gama kibba Itoophiyaa Godina Gofaatti harroonni dhibee waliin isaa hin beekamneen du’aa akka jiran jiraattonniifi qondaalli bakkichaa BBC’tti himan. Akka hoogganaan damee qonnaafi horsiisa qurxummii godinichaa Obbo Muluqan Tamasgan jedhanitti hanga ammaa harroonni 148 du’aniiru. Kunneenis aanota Zaalaa, Dambaa Gofaafi Saawulaa jedhamanittidha. Akka qondaalli kuni himanitti duuti harrootaa torban darbe eegale. Harroonni dhukkuba hin beekamne kanaan qabaman mallattoo dhukkubaa erga agarsiisanii booda hin turani – dafanii du’u. ''Kanneen mallattoo agarsiisan atattamaan du’u. Akkuma mallattoon irratti mul’ateen sa’aatii muraasa keessa du’u,'' jechuun Obbo Muluqan himan. Mallattoo harroonni dhukkubsatan agarsiisan keessaa ofirra naannawuu, kirkiruu, yeroo harganan morma isaanii dheeressuu, akkasumas afaan isaaniin kobbayya baasu jechuun himan. Taaten kuni jiruu guyyuu hawaasichaarratti rakkoo fideera. Jiraattonni dubbisne kanaan yaadda’uu himaniiru. Maalummaa dhukkuba kanaa baruuf laaboraatorii Walaayittaa Soddootti erga gabaafamee booda saamuda gara laaboraatorii Sabbataa argamutti geeffamuu himan. Yeroo ammaa ogeeyyiin sadarkaa gandaa jiran sakattaa taasisaa akka jiran himaniiru. Jiraattonni harroota mallattoo dhukkubaa agarsiisan kaanirra akka dafanii adda baasan itti himamaa jira. Ogeeyyiin bu’aan laaboraatorii akkuma dhaqqabeen talaallii kennuun yoo barbaachise kennuuf qophiirra akka jiran ibsameera. Godina Gofaa keessa harroonni 35,000 ol akka jiran aangawaan ni dubbatu. Hawaasi Itoophiyaa keessaa gara caalu harroota mi’a itti fe’uuf itti dhimma baha. Sababa kanaaf rakkoon fayyaa harrootarra gahu keessumaa hawaasa baadiyyaa keessa jiraaturratti dhiibbaa olaanaa qaba.
Sababa kanaaf rakkoon fayyaa harrootarra gahu keessumaa hawaasa baadiyyaa keessa jiraaturratti dhiibbaa olaanaa qaba. Biyyoota harroota hedduu qabaachuun maqaan isaanii durarratti eeraman keessaa Itoophiyaan tokko ta’un ni beekama.
Mootummaan dippilomaatota gara Maqalee imalan irratti komii dhiyeesse Mootummaan Itoophiyaa ergamtootaafi dippilomaatoota biyyootaa liixaa dhiheenya gara Maqalee imalanii turan irratti komii akka qabu ibse. Mootummaan waraana Tigraay kan wagga lama guutuuf deemu karaa nagaatiin furuuf jecha aanga’oota Tigraay waliin mari’achuuf gara Maqalee imalanii turan irratti gamadaa akka hin taane ibse. Gorsaan Nageenya Biyyaaleessaa Ministira Mummee Ambaasaadar Reediwaan Huseen akka fuula Tiwitara isaanii irratti barreessaniitti, haala dippilomaatoonniifi ergamtoonni gara Maqalee imalanii turan dhimmicha itti qabatan ilaalchisee mootummaan Federaalaa komii irraa qabu hawaasa addunyaatiif ifa taasiseera jedhan. Ambaasaadar Reediwaan jilichi marii nagaa irratti xiyyeeffachuun osoo irraa eegamuu, haal-dureewwan TPLF irratti xiyyeeffateera jechuun komate. Jilli ergamaa addaa Gaanfa Afriikaa Awurooppaafi Ameerikaa, akkasumas Itoophiyaatti ambaasaadaroota Kaanaadaafi Xaaliyaan of keessa qabu Kibxata Adooleessa 2, 2022 gara magaalaa guddoo Tigraay Maqalee imaluun aanga’oota TPLF waliin wali arguun isaanii ni yaadatama. Dippilomaatoonni lixaa gara Maqalee imalauu isaanii hordofuunis ibsa waloo baasaniin, ‘‘walitti bu’insa Kaaba Itoophiyaa jiru furuudhaaf mariin siyaasaa barbaachisaadha,’’ jedhan. Kana malees, dhorkaan boba’aa, maallaqa callaafi xaa’oo irra kaa’amee ture ka’uu qabaatan kan jedhan yoo ta’u, tajaajilliwwan bu’uuraa naannichatti adda citanii turan deebiifamanii suphuuf nageenya hojjattootaa kan mirkaneessu xalayaa naannoo Tigraay irraa mootummaa Federaalaatiif qabatanii deebi’usaanii ibsanii ture. Gorsaan nageenya biyyaaleessaa Ministira Muummee Ambaasaadar Reediwaan Husseen, dippilomaatoonni warra lixaa kunneen turtii Maqaleetti taasisaniin mootummaan Federaalaa gammadaa akka hin taane Tiwiitara saaniin barreessaniiru. Ambaasaadar Reediwaan, ergamtoonniifi ambaasaadaroonni yaalii marii nagaa gochuu osoo irra jiru, haal-dureen qaama biraa ka’ame akka guutamuun irratti xiyyeefatan jedhan.
Tajaajilawwan bu’uuraa adda citanii turan ilaalchisee eejjannoo mootummaa ifaadha kan jedhan Ambaasaadar Reediwaan, haala tajaajila eegalchiisuu dandeessisuu uumuufi mariin nagaa eegaluun dursa kennamuufiif qabaata jedhan. Ergamtoonni addaafi ambaasaadaroonni kunneenis imala isaanii Maqaleetiin booda ibsa baasaniin, ammas dhaadannoo ‘dhiyeessitiin deeggarsa namoomaa hin daangoofne’’ kan jedhu akkuma itti fufeetti jira kan jedhan Ambaasadar Reediiwaan, amma balaliinsaafi konkolaatoonni fe’umsaa hin daangoofneetu taasifamaa jira jedhan. Dhimmi boba’aas furmaanni kennamaafi dhimma gama maraanuu diniqiisiifannaa argate ta’uu Amabaasaadarichi kaasaniiru. Ambaasaadar Reediwaan marii nagaa bulchiinsi isaanii humnootii Tigraay waliin taasisuu kan hogganu Gamtaa Afrikaa qofaadha jechuun ejjannoo mootummaa isaanii ifatti ibsan. Kanaan dura mootummaan Federaalaa marii humnootii Tigraay waliin taasisuu Gamtaan Afriikaa akka hogganuuf fedhii qabaachu ibsee ture. Humnootiin Tigraay gama isaanitiin pirezidaantiin Keeniyaa Uhuruu Keeniyaataa olaantumaan maricha akka hogganan gaafatanii turan. Jilli ergamtoota addaafi ambaasaadaroota dhiyeenya gara Maqalee imalaniis marii hoggansa Gamtaa Afriikaatiin gaggeeffamu deegaruuf qophii ta’u ibsanii ture. Waraanni Sadaasa 4, 2020 eegalee ture akka xumura argatu gochuuf, gama mootummaatiinis ta’e gama TPLFn mariidhaaf fedhiin jiraatuus hanga yoomaatti garuu qaamooleen lamaanu fuldura wal hin agare. Mootummaan Federaalaa marii TPLF waliin taasisee akka hoggananiif koree miseensa torba qabuufi Itaanaa Ministira Mummeefi Ministira Dhimma Alaa Itoophiyaa Damaqaa Makonniin hogganamu ijaaruun hojii eegalu beeksiisuun ni yaadatama. Humnootiin Tigraayis aangaa’oota mootummaa Itoophiyaa walin marii jaarsummaa Mootummaa Keeniyaan gaggeeffamu irratti hirmaachuuf qophii ta’usaanii beeksiisaniiru.
Humnootiin Tigraayis aangaa’oota mootummaa Itoophiyaa walin marii jaarsummaa Mootummaa Keeniyaan gaggeeffamu irratti hirmaachuuf qophii ta’usaanii beeksiisaniiru. Qondaala olaanaa TPLF kan ta’an Obbo Geetaacho Raddaa, jila qondaaltoota olaanoo of keessaa qabuuf humnootiin Tigraay bakka bu’uu qopheessuu fi mariichaaf erguuf qophii akka ta’e beeksiiseera. Mootummaan Itoophiyaa mariachi sadarkaa ardiitti akka durfamuuf fedhii cimaa qabaachuu irra deddeebiin kan beeksiise yoo ta’u, qondaaltoonni TPLF garuu Gamtaa Afriikaa irra pirezidaantiin Keeniyaa amma aangoorra ka’uf jiran Uhuruu Keeniyaataa akka jaarsummaa taa’aniif akka barbaadan ibsuun ni yaadatama. Torbaan darbe waajjira Dhimma Alaa Ameerikaatti dippilomaatiin olaanoon Dhimmoota Afriikaa, Mooliifii Koree quunnamtii dhimma alaa Mana maree Ameerikaatti, mariin warana kaaba Itoophiyaa dhaabuuf karoorfame filannoo Keeniyaatiin harkifachu dubbachuunsaani ni yaadatama. Itti dabaluunis filannoon Keeniyaa Hagayya 9, 2022 gaggeeffamu erga xumurameen booda ni eegalama jedhanii akka abdatan dubbachuu AFPn gabaasee ture.
Naannoon haaraa hundeeffame magaaloota muummee afur qabaachuun hiika attamii qaba? Naannoon Kibba Lixa Itoophiyaa erga hundeeffamee amma umurii baatiiwwan qabu, jiddugalawwan magaalootaa dhaabbilee bulchiinsaatiif ijaaruu murteesse. Naannooleen biyyattii kaan jidugala isaanii magaalaa guddoo tokko keessa taasisuun biirooleen bakka tokkotti akka ijaaraman taasisuun beekamu. Naannoon Kibba-Lixa Itoophiyaa garuu ijaarsa naannoolee kaan irraa adda isa taasisu hordofuuf filate. Kanaanis guyyaa Roobii Adooleessa 3, 2022tti naannichi magaaloota muummee afur akka qabaatu kan dandeessisuu wixinee labsii mana maree naannichaatti dhiyeesse. Wixineen seeraa kun kan raggaafamu yoo ta’es, godinaalee naannichatti argaman jaha keessaa afur keessatti magaaloonni gurguddoon teessuuma qaamoolee bulchiinsa naannichaa mummee ta’u. Naannoon Kibba-Lixa Ummattoota Itoophiyaa kunis kan godinaalee jaha duraan qama naannoo Ummattoota Kibaa turaniin hundeeffameedha. Haaluma wiixinichaatiin Boongaan teessuma waajjira bulchiinsa pirezidaanii naannichaafi siyaasaa taati. Tarcaan ammo teessuma mana maree naannichaa, Miizaan Amaan ammo kan caasaan seeraa keessatti argamuu fi Teeppiin ammo teessuuma mana maree ummattootaa qabatu. Biiroon hojii raawwachiiftuu ammo magaaloota arfaniittuu haala haqa qabeessaatiin ramadamu jedhame. Haalli caasaa naannoo haaraa ijaaruu kunis yaadawwan adda addaa irratti kennamaa jira. Tokko tokkoos hojiifi qabeenyaa naannoolee magaalaa tokko qofaarratti walitti qabanuu achiirratti baasuun magaalaa sana qofaan haala adda ta’een akka guddatuufi faayidaa argatu adeemsa taasisuu sana ni geeddara kan jedhan jiru. Kaan ammoo dhaabbilee bulchiinsa naannoo magaaloota adda addaa keessa akka ta’an gochuun, jiraattoonni tajaajilawwan mootummaa barbaadan baasiifi dadhabbiif saaxiluun alattis, dhaabbileen naannichaa walitti dhiheenyaan waliin ta’uun hojjachuuf carraa dhabisiisa jechuu yaaddoo qaban ibsu.
Karoorri bulchiinsa naannoo kunis jiraattoota naannichaa dadhabsiisuu mala jedhu Obbo Dayaamoo Daalee. Obbo Dayaamoo Daalee nama siyaasaa duraan caasaa mootummaa Naannoo Ummattoota Kibbaa keessa hojjataa turan yoo ta’u, oggeessa saayinsii siyaasaafi quunnamtii idil-addunyaati. Mootummaan naannichaa kana hojiirra oolchuuf kan ragaasise, ‘‘murtoo siyaasaa‘’ kan jedhan Obbo Dayaamoon, kana dura naannoon biyyattii tokko wayita magaalaa tokko caalaa qabaatu argamee waan hin beekamne ta’uu kaasu.\nItti dabalunis muuxannoo akkasii kan qaban biyyoota Awurooppaa guddataniidha jedhu. ‘‘Attamiin hojiirra oolchu kan jedhu abbootii dhimmaatu beeka. Kanas gara fuuladuraatti kan ilaalu ta’a. Baasiin isaa olaanaadha,’’ jedhu Obbo Dayaamoon.\nWixineen seerichaa tajaajilawwan mootummaa kennuufis ta’e, tajaajila argachuuf baasii olaanaa kan gaafatudha kan jedhan Obbo Dayaamiin, ulaagaan magaaloonni arfan ittiin filatamanis ifa miti jedhu. ‘‘Magaalootii arfan maaliin filataman? Waan gurguddoo ta’aniif filataman immoo ykn zooniirra babahaniiti? Komiin magaaloota carraa hin argannee hoo attamiin keessumeefama?’’ jchuun gaafatu. Itti-gaafatamaan Waajjira Paartii Badhaadhinaa Obbo Tsagaayee Maammoo gama isaanitiin, fedhii jiraattoota naannichaa guutuuf jecha murteen kun darbuu dubbatu. Naannoon kun yoo hundeeffamee magaalaa jidduugalaa kamitu ta’a dhimmi jedhu baayyee kan mariisiisee akka ture himu Obbo Tsagaayeen. ‘‘Tokko tokkoos magaalaan jidduugalaa nu bira yoo ta’e malee naannicha gadhiifna ejjannoo jedhu qabatanii ture. Aangoon yeroo sana ture ta’e aangoonni wayita naannichi hundeeffamu ture, waliin ta’un magaalaa jidduugalaa ni jiraata jechuun irratti dubbatanii ture,’’ jedhu. ‘‘Namni osoo hin rakkannee fi hojiin hin hubamne attamiin magaaloota heddu uuman kan jedhu irratti waliin mari’annee xumurree’’ jedhan.
‘‘Namni osoo hin rakkannee fi hojiin hin hubamne attamiin magaaloota heddu uuman kan jedhu irratti waliin mari’annee xumurree’’ jedhan. Jiraataan tokkoo dhimsaa raawwachisuuf osoo magaalaa tokkoo gara magaalaa biraa ilamuun hin barbaachifne bakkuma jiruutti akka xumuratu kan dandeessisan biirooleen dhimma raawwachiftuu yaadamaniiru jedhu. “Dhimmoon biiroo tokkoo biiroo biraatti ce’an yoo jiraatan, waajjiraaleen tajaajilicha kennan (liaison offices) waliin uumuuf kan yaadame’’ jedhu. Naannichi magaala gudoo afur akka qabaatu godhamuun isaa baasii dabalataatif saaxila jedhanii akka hin yaanne dubbatu bakka bu’aan mootummaa naannichaa Obbo Tsaggaayen. “Fakkeenyaf, biiron tokko bajata yoo barbaade faayinaansidhaaf waraqaa galcha malee gara magaalaa dhufee qarshii hin fudhatu, kanaaf baasii adda ta’e hin qabu,” jechuun ibsu. Magaaala kam keessatti biiroon kam jiraachuu akka qabu dursa kan irratti walii galame ta’uu kan ibsan Obbo Tsagaayeen, “magaala kana keessatti biiroon kun haa ta’u kan jedhu walii galteedhaan malee saayinsii wayiitinii miti” jedhu. Manni maree naannichaa wixinee labsii erga irratti mari’atee raggaasiseen booda hojiirra ooluu akka eegalus ni dubbatu Obbo Tseggaayen. Naannon haaraa hundeeffame kun naannolee Itoophiyaa jiran irra bifa addaatiin kan hundeeffame ta’uun isaa namoota heddu biraa deeggarsaa fi mormii kaasaa jira. Sabdaneessummaa naannichaa yaada keessa galchuudhan giddu galeessa magaala tokko qofatti godhanii misoomas ta’ee carraalee garaa garaa iddoo tokko gochuurra magaalota garaa garaatti carraa kana uumun gaaridha warri jedhan jiru. Gama biroon ammoo hojiifi tajaajilawwan mootummaa magaalota garaa garaa keessa akka ta’u gochuun uummataaf dhamaatii guddaa akkasumas naannicha baasii guddaf saaxila jedhanii kan mormanis hedduudha. Haa ta’u garuu fayidaa fi miidhaa inni qabu gara fuulduraatti kan ilaalamu ta’a.
Itoophiyaan hoggana olaanaa al-Shabaab Ameerikaan barbaadamu ajjeesuu beeksifte Raayyaan Ittisa Biyyaa Itoophiyaa hoggana olaanaa al-Shabaab Ameerikaan barbaadamu Fu'aad Mohaammad Kalaaf dabalatee hogganoota al-Shabaab olaanoo sadi ajjeesuu beeksise. Fu'aad Shongalee jedhamuun kan beekamu Fu'aad Mohaammad Kalaaf hogganaa damee dadammaqiinsaa fi ololaa al-Shabaab yoo ta'u, Ameerikaan nama waa'ee isaa odeeffannoo kenneef badhaasa doolaara miliyoona 5 ramaddee turte. Raayyaan Ittisa Biyyaa Itoophiyaa tarkaanfii humna qilleensaa biyyattii waliin ta'uun guyyoota darban fudhateen hogganni al-Shabaab kun ajjeefamuu hogganaan bobbii fi qindeessan komaandi poostii yeroo Raayyaa Ittisaa Itophiyaa meejar jeneraal Tasfaayee Ayyaaleewu himaniiru. Hogganoonni al-Shabaab biroo ajjeefaman dubbi himaa garichaa kan ta'e Abdul'aziiz Abbuu Muusaa fi naannoo daangaa Itoophiyaatti ajajaa al-Shabaab kan ta'e Ubeedaa Nuur Iisee ta'uu Tajaajila Oduu Itoophiyaa waabeffachuun FBCn gabaaseera. Ajjeefamuu hogganoota isaa kanneen ilaalchisee gama al-Shabaabiin amma dura wanti jedhame hin jiru. BBCn hogganooti garee hidhattootaa kanaa maqaan isaanii eerame ajjeefamu haala walaba ta'een hin mirkaneessine. Al-Shabaab torbanoota lamaan darban keessa daangaa cehuun Itoophiyaa irratti haleellaa raawwachaa turuufi tarkaanfii kana qolachuuf fudhatameen hidhattoonni garee kanaa 200 ol ajjeefamuu mootummaan naannoo Somaalii ibsee ture. Meejar Jeneraal Tasfaayeen akka jedhanitti tarkaanfii humna qilleensaa waliin qindaa'uun fudhatameen al-Shabaab Itoophiyaa ittiin haleeluuf kan qopheeffate buufatni kuusaa hidhannoo fi nyaataa barbadaa'ee jira. Lammummaa Somaaliyaa fi Siwiidin akka qabu Ameerikaan kan ibsame Fu'aad Shongalee, bara 2008 buufata loltoota Itoophiyaa dabalatee Somaaliyaa keessatti boombii konkolaataa irratti hidhamuun haleellaa raawwachuu ragaaleen ni mul'isu.
Lammummaa Somaaliyaa fi Siwiidin akka qabu Ameerikaan kan ibsame Fu'aad Shongalee, bara 2008 buufata loltoota Itoophiyaa dabalatee Somaaliyaa keessatti boombii konkolaataa irratti hidhamuun haleellaa raawwachuu ragaaleen ni mul'isu. Ameerikaan al-Shabaab dhaabbata Shororkeessaa gochuun kan labsite yoo ta'u ajaja bara 2010 baasteen hoggana garichaa Fu'aad Mohaammad Kalaaf (Fu'aad Shongalee) himannaa Somaaliyaa keessatti hokkara kakaasuu fi nageenyi biyyattii akka hammaatu gochuu jedhuun tarree namoota barbaadamanii jala galchite.
Humnootiin addaa naannoo Somaalee miseensoota Al-Shaabaab marsuun himame Gareen hidhattoota Islaama Somaaliyaa Al-Shaabaab haala kana dura hin baramneen karaa Somaaliyaan wal daangeessituun Itoophiyaa keessa galuun haleellaa raawwateen miidhaan namootaa fi qabeenya irra gahuun gabaafameera. Gareen hidhattottaa kunis erga haleellicha raawwateen booda tarkaanfii deebii humni addaa naannoo Somaalee fudhateen, miseensoota hidhattootaa irra miidhaa olaanaan qaqqabuu fi miseensoonni hafa marfamanii akka jiran maddeen dubbatan. Gareen hidhattoota Al-Shaabaab kunis guyyaa Roobii erga gara daangaa Itoophiyaa keessa galuun haleellaa raawwateen booda, hunma addaa Naannoo Somaalee waliin walitti bu’iinsi cimaan akka ture jiraattoonni BBC’tti himaniiru. Amaan tanas humni addaa naannichaa eddo Hulhul jedhamuufi Aanaa Hargallee keessatti argamuutti garee hidhattoota islaamaa kanneen maree akka jiru maddeen BBC’tti himan. Walitti bu’iinsa guyyoota lamaan darban keessa miseensoota garee hidhattoota Al-Shaabaabiifi human addaa naannoo Somaalee jidduu tureen miidhaa qaqqabe ilaalchisuun odeeffannoon mirkanaa’e bahu baatulleen, namoota nagaa dabaltee hidhatoonni hedduun ajjeefamuufi konkolaataawwan gubachun ibsameera. Qondaalli nageenya naannichaa BBC News Somali dubbise tokko akka mirkaneessaniitti, miseensoonni hidhattootaa aanaa Hargalee keessatti Hulhul keessattu bakka Goldihiir jedhamuutti marfamaniiru. Garee hidhattootaa kunneenis maaliif gara daangaa Itoophiyaa keessa akka galaniifi kaayyoonsaanii maal akka ta’e wanti barame hin jiru. BBC New Somali akka gabaaseetti, humni addaa Somaali sakkata’iinsa aanaa Elkaree keessatti haleellaa kanaan dura taasiseen, ollaa Hiiloo Maadoowu jedhamu keessatti meeshaalee waraanaa adda addaa boollaa keessa awwalamee ture argateera. Kanaanis wal qabatee poolisiin namoota miseensoota Al-Shabaaba jedhaman to’annaa jala kan oolche yoo ta’u, haleellaan amma garicha raawwate kunis kanumaan kan wal qabate ta’u mala amantaa jedhutu jira.
Addi Bilisa Baasaa Ogaadeen (ONLF) haleellaa hidhattoonni garee Al-Shaabaab Adooleessa 20, 2022 eeddoowwan daangaalee Naannoo Somaalee kan biyya Somaaliyaa daangeessan irratti raawwate balaaleeffate. Gareen hidhattootaa Al-Shabaab daanga Naannoo Somaaleetti magaalaafi ollaawwan godina Afhdeer keessatti argaman irratti haleellaa raawwateen lubbuun namootaa badee, qabeenyaanis barbadaa’uu ONLF ibsa Kamisa Adoolessa 21, 2022 baaseen ibseera. Maddi oduu Rooyitarsi gamasaatiin ajajaa waraanaa Itoophiyaa waabeefachuu akka gabaaseetti, haleellaa gareen hidhattoottaa kunneen raawwateeniin lammiilee nagaa lama dabalatee namoonni 17 gama Itoophiyaatiin ajjeeffamuu fi miseensoonni garee kanaa 63 ammoo tarkaanfii humnootiin nageenyaa naannoo Somaalee irratti fudhataniin ajjeeffamaniiru jedheera. Haata’u malee haleellaa kana ilaalchisee gama mootummaa Itoophiyaatiin hanga yoonaatti kan jedhame hinjiru. Yaaliin BBC qondaaltoota mootummaa dubbisuuf taasisees hin milkoofne. ONLF ibsa isaa kanaan, tarkaanfii hunmootiin naannichaa hidhattoota kanneen irratti fudhataniin miidhaa cimaan irra qaqabuu fi kanneen harca'uun hafan qulleessaa jirus jedheera. Akkasumas tarkaanfii garee hidhattootaa kanneen irratti fudhamatu keessatti miseensoonni isaa fi ummanni naannoo Somaalee humnootii nageenyaa naannichaa waliin akka dhaabbataniif ONLF waamicha taasiseera. Kana malee ‘‘aanga’oonni naannichaa haleellaa kanaafi kanneen kana fakkaatan kan biroo nageenyaafi tasgabbii ummana keenyaa balaarra buusan irratti tarkaanfii atattamaa barbaachisu hunda fudhachu qaba’’ jechuun gaafateera. Milishoonni garee Islaamistoota Somaalii-al Shabaab gandoota Itoophiyaa waliin wal daangessan lama keessatti haleellaa raawwachuun namoota nagaa sadiifi qondaaltota poolisii Itoophiyaa dabalatee 17 ajjeesuu ajajaan nageenyaa Ittophiyaa bakka sana ture eeruun Rooyitarsi gabaase.
Rootaris qondaala nageenyaa Itoophiyaa waabeefachuun akka gabaaseetti, garee hidhattoota al Shabaab irraa ammoo 63 ajjeefamaniiru. Haleellaan daangaa irratti kanaan dura yeroo baayyee mul’atee hin beekne kun kan raawwatame Roobii gareen al Shabaab waliin hidhata qabu gandoota Yeed fi Aatoo jedhaman Somaaliyaa naannoo Bakool keessatti wayita weeraranitti ture.\nGareen kun gandoota kanneen irratti haleellaa kan gaggeessan ajajoota isaanii keessaa tokko daangaa gama Itoophiyaatiin jiru keessatti ajjeefamuu hordofee akka ta’e ajajaan humna nageenyaa Itoophiyaa madda oduu kanatti himeera. Sababa humni nageenyaa Itoophiyaa kan qama humna nagaa Afrikaa ta’e eegumsa cimaa naannichaafi Somaaliyaa keesatti taasisuuf bakkawwan daangaa Itoophiyaatti dhiyoo ta’an irratti haleellaan al Shabaab gaggeessu baayyee hin mul’atu. Jiraataan naannichaa BBC News Somali dubbise tokko akka jedhetti, hidhattoonni al-Shaabaab konkolaattota waraanaa 16n gara daangichaa seenuusaanii akka arge dubbata. Jiraataan biraa naannoo Somaalee irraa BBCn dubbise ammoo, hidhattoonni al-Shabaab eddoowwan naannoo Somaalee fi Somaaliyaa jidduu daangaatti argaman Yuudiifi Atoo keessa akka galanii turaniifi eddoowwan lamaaniittu humnootii addaa naannoo Somaalee waliin waraanni cimaa akka gaggeeffamee ture himan. ‘‘Naannawa lamaanittuu waraana cimaatu gaggeeffamaa ture. Booda garuu hidhattoonni al-Shabaab humna addaa naannichaa cabsuun gara naannichaa seenan,’’ jechuun himera maddi BBCn dubbise kun. Hidhattoonni kunneenis kaleessa waaree boodaa sa’aatii saddeet irraa kaasee eddoowwan Yuudiifi Atoo jedhaman akka to’atan himuun, \nAmma Godina Afdeeritti qarqara aanaa Argeelleetti akka argaman dabaluun himeera. Jiraattoonni naannichaa hidhattoonni dhufaa jiraachu waan hubataniif gara bosonaatti baqachulleen dabaluun himeera. Ajajaan humna nageenyaa Itoophiyaa sababa miidiyaatti dubbachuuf aangoon hin kennamneef maqaan isaa hin eeramne kun akka jedhanitti, ajajaan al Shabaab maandhee tokko Itoophiyaa keessatti ijaaruudhaaf daangaa ce’e.
Ajajaan humna nageenyaa Itoophiyaa sababa miidiyaatti dubbachuuf aangoon hin kennamneef maqaan isaa hin eeramne kun akka jedhanitti, ajajaan al Shabaab maandhee tokko Itoophiyaa keessatti ijaaruudhaaf daangaa ce’e. Ajajaan humna nageenyaa Itoophiyaa jalqaba kan ajjeefaman qondaaltota poolisii Itoophiyaa 17 jedhanii turanis; boodarra garuu namoonni nagaanis akka keessatti argaman mirkaneeffataniiru. Akka inni jedhetti poolisiin naannoo Somaalee meeshaalee gurguddaa fi konkolaattota heddu hidhattoota al Shabaab irraa hiikkachuu fi hidhattoota garichaa heddus du'aniiru. Oduu himaan Oppireeshinii waraana al Shabaab Abdi'asiis Abu Musaab akka jedhetti gareen isaanii mandara lama qabachuun poolisoota Itoophiyaa heddu ajjeesera. Akkasumas meeshaalee waraanaa poolisoota humna addaa Itoophiyaa irraa akka fudhate dubbata Odu himaan kun. Lakkoofsa hidhattoota al Shabaab du'anii ilaalchisee garuu Musaab yaada kennuu hin barbaanne. Lakkoofsi namoota du'anii al Shabaabfi aangawoonni Somaaliyaa yookin qaamni biroo kennu yeroo heddu wal hin simu. Biiron Ministeera Muummee Somaaliyaa Hamza Abdii Baarree akka jedhetti, ministeerri muummee pirezidaantii naannoo kibba Somaliyaa wajjin haasa'eera. Pirezidaantiin Mootummaa Naannoo Somaalee gama isaatin waa'ee haleellaa kanaa yaada hin kennine. Muummeen Ministeera Somaaliyaa humni nageenyaa gara naannoo Bakool bakka haleellan itti qaqqabeetti akka bobba'aniif ajaja kenneera jechuun biiron ministeera muummee ibse. al Shabaab mootummaa Somaaliyaa aangoo irraa buusee seera Shariyaa cimaa ta'een biyyattii bulchuuf irra deddebin biyyattii keessatti haleellaa boombii dhoosuu gaggeessaa ture.
ETn qooda daandiiwwan qilleensaa Afrikaa hedduu bituun milkaa’utti jira Daandin Qilleensa Itoophiyaa (ET) waggoota 75 darbaniif maqaa gaariifi milkaa’ina gonfatee deemaa jira. Maqaa gaarii horate kanaaf agarsiistun ammoo daandiwwan qilleensa biyyoota hedduu caaluun sadarkaa idil addunyaatti yeroo garaa garaatti badhaasa argachuu isaati. Yeroo dhiyootti gosa badhaasa fe’iisa meeshaaletiin badhaasa ‘Air Cargo Industry Customer Care Award 2022’ jedhamu irra deddeebiin argatee jira. Bara kana ammoo Filannoo Maamiltootaa Naannoo APEX 2022, 'Best Entertainment’ fi 'Best cabin service’ jedhuun daandii qilleensaa filatamaa jedhamee filatameera. Namoonni baay’en kan dhugaa bahaniif Daandin Qilleensa Itoophiyaa daamee fe’iisa fi loojistikiitin badhaasawwan heddutti kan milkaa’e fi Afrikaatti daandii qilleensaa tajaajila fe’iisa meeshaalee kennu isa guddicha jedhameera. Sadarkaa idil-addunyaatti badhaasawwan heddu mo’achuudhan industirii aviyeeshiniitinis daandii qilleensaa maqaa gaarii qabus jedhameera. Daandin Qilleensa Itoophiyaa bara 1946 tti xayyaarota durii C-47 jedhamaniin tajaajila eegale. Balalii kan eegale ammoo Kaayiroo, Jibuutii fi Edanitti. Balalii biyya keessaa ammoo Jimmatti eegale. Daandin Qilleebsa Itoophiyaa baruma hojii eegalu xayyaarota C-47 sagal qaba ture. Xayyaaronni C-47 kun jalqaba US tajaajila waraatif kan itti fayyadamaa turteedha. Teessumni isaa ammoo namni walitti garagalee kan taa’u ture. Itti aansun daandiin qilleensichaa balaliiwwan isaa fooyyessun gara Naayiroobii, Poort Sudaan fi Boombey tti balalii eegale. Bifa kanaan deemsa milkaa’inaa kan eegale Daandin Qilleensa Itoophiyaa, yeroo ammaa kana bakkeewwan idil-addunyaa 130 caalanitti balalii taasisaa jira.
Daandin Qilleensa Itoophiyaa daandiwwan qilleensaa Afrikaa warra jalqabaa keessaa isa tokkoodha. Y Afrikaa keessatti fudhatamummaa qabu cimsuudhaf yeroo ammaa kana daandiwwan qilleensaa biyyoota Afrikaa heddu keessaa ‘gahee’ baay’ee bituutti jira. Gama kanaan ammoo Afrikaa keessaa milkaa’ina guddaa irra akka jiru Daandin Qilleensa Itoophiyaa beeksiseera. Kanaanis daandii qilleensa biyyoota Afrikaa jahaa keessaa gahee bituu danda’ee jira. Gama biraan ammoo bara 2025 tti Afrika keessaa Daandii Qilleensa adda duree ta’uudhaf karoosee hojjataa akka jiru ibsee jira. Karoora kana galmaan gahuufis daandiwwan qilleensaa biyyoota Afrikaa tokko tokko waliin bulchiinsa fi tarsiimoo irratti shariikan hojjataan jira jedhe. Dabalataanis, daandii qilleensa biyyoota Afrikaa tokko tokko ammoo gahee irraa bitaa jira. Daandin Qilleensaa Itoophiyaa hirmaannan inni daandiwwan qilleensaa Afrikaa keessatti qabu maal fakkaata? Muraasa isaanii mee haa ilaallu! “Air Congo” daandii qilleensa DR Koongoo yoo ta’u, aabbummaan isaa harka 51 kan mootummaa biyyattii yoo ta’u Daandin Qilleensa Itoophiyaa harka 49 bitee jira. “Air Congo” xayyaarota kudhanitti dhiyaatan kan qabu yoo ta’u, isaan keessaa Dash 8-400, Booying 737 fi Booying 787 kan jedhaman isaan keessayi. Akkaataa walii galtee kanaatti Daandin Xayyaara Itoophiyaa daandii xayyaara biyyattiitis xayyaarota dabalataa ni dhiyeessa. Daandin Xayyaara Zaambiyaa abbummaan isaa kan Rippaabilika Zaambiyaa ta’uu isaa fuulli marsariitii daandii qilleensichaa ni agarsiisa. Daandii qilleensa Zaambiyaa keessaa gahee harka 45 Daandin Qilleensa Itoophiyaa bitee jira. Kan hafe harki 55 kan biyyattiiti. Daandin qilleensaa kun daandiwwan qilleensaa buleeyyii keessaa tokko ta’us dhiyeenya kasaaraa irra gaheen hojii dhaabee ture. Amma daandin qilleensaa kun gosa xayyaaraa Bombaardiyar Q-400 jedhuun hojii eegalee jira.
Daandin qilleensaa Mozaambikii, maqaa Daandii Qilleensaa Itoophiyaa-Mozaambikii (Ethiopian Mozambique Airlines) jedhuun akka waamamu ta’ee jira. Walta’iinsi kun bara 2018 tti kan eegale yoo ta’u, jalqaba yeroo hojii eegalu balalii biyya keessaa qofaa irratti kan xiyyeeffate ture. Mozaambikii keessa buufataalee xayyaaraa sagalitti balaliin biyya keessaa kan taasifamu yoo ta’u balaliiwwan kanaaf xayyaara Q-400 jedhutu hojiirra oola. Yeroo weerara COVID-19 hamaa ture sana hojiin isaa addaan cite kan ture amma garuu hojii eegalee jira. Daandin Qilleensa Itoophiyaa gahee harka 99 daandii qilleensa Mozaambikii keessaa akka qabu beekamee jira. Daandin qileensaa “ASKY” jedhamuun beekamu daandii qilleensa Toogoti. Daandin qilleensaa kun xiyyeeffannoon isaa balaliiwwan gara lixaa fi giddu galeessa Afrikaatti taasisuudha. Daandin Qilleensa Itoophiyaa ammoo balaliiwwan lixa Afrikaatti taasifamaniif deeggarsa taasisa. Kanaaf ammoo daandiwwan qilleensaa lamaan waliin hojjachuuf walii galanii jiru. Walii galteen daandiwwan qilleensaa lamaan gidduutti taasifame walii galtee walta’iinsa teeknikaa fi tarsiimooti jedhame. Daandin Qilleensa Itoophiyaa gara Afrikaa Kibbaa imaluunis dhiibbaa geessisaa jira. Daandin Qilleensa Maalaawwii abbummaan isaa kanuma biyyattiiti. Daamdin Qilleensa Itoophiyaa ammoo gahee daandii qilleensa Maalaawwii keessaa harka 49 dhuunfatee jira. Kana qofa miti, Daandin Qilleensa Itoophiyaa hojii bulchiinsas ni hojjata. Walii galteen daandii qilleensaa Itoophiyaa fi Maalaawwii gidduutti kan taasifame bara 2007 tti. Akkataa walii galtee walta’iinsa tarsiimoo kanaatti kanaatti Daandin Qilleensa Itoophiyaa fi dhiyeenya kan hundaa’e Daandin Qilleensa Maalaawwii sagantaa balalii isaanii waliif qoodun maamiltootaf filannoo mijataa ta’e dhiyeessu. Daandin qilleensaa kun xayyara Q-400 fi Boying B-737-700 jedhamuun tajaajila balalii kennaa jira.
Daandin qilleensaa kun xayyara Q-400 fi Boying B-737-700 jedhamuun tajaajila balalii kennaa jira. Daandin Qilleensa Itoophiyaa, daandii qilleensaa haaraa hundeessuf mootummaa Chaad wajjin kan walii gale bara 2018 ture. Walii galtee kanaanis Daandin Qilleensa Itoophiyaa gahee harka 49 kan isaa kan godhate. Karaa magaala Finfinneetin ammoo balaliiwwan baha giddu galeessa fi bakkeewwan birootti ni taasisaa jira. Daandin Qilleensa Itoophiyaa, daandii qilleensa Ikuwatooriyaal Giinii C2-CYOBA International jedhamu waliinis walii galtee qaba. Daandiwwan qilleensaa lamaan bulchiinsa irratti walii galtee kan waliif mallatteessan bara 2018 tti ture. Akkaataa walii galtee kanaatti, Finfinneen wiirtuu balaliiwwan idil-addunyaa taatee tajaajilti. Dabalataanis, Daandin Qilleensa Itoophiyaa daandiwwan qilleensa biyyoota Afrikaa biroo waliinis walii galtee gochuun hojjataa jira. Kanaanis, tarsiimoo waggaa 15 baasen bara 2025 tti Afrikaatti Daandii Qilleensaa duree ta’uuf hojjataa jira. Daandin Qilleensa Itoophiyaa xayyaarota haaraa biyya keessa galchaa jira. Ji’a tokko dura xayyaarota fe’iisaa Booying B 777 jedham shan bitee jira. Daandin Qilleensa Itoophiyaa yeroo ammaa kana xayyarota Booying 80 ol ta’an fayyadamaa jira. Kanaanis Afrikaatti daandii qilleensaa bu’aa guddaa argatu jedhamuun beekama. Weera COVID-19 dura Daandin Qilleensa Itoophiyaa waggoota walitti fufiinsan waggaa torbaaf dhibeentaa 25 guddina argamsiisaa ture.
Godina Baaleetti jiraattoonni ganda tokkoo guutuun walitti bu'iinsaan buqqa'an Jiraattoonni Godina Baalee Aanaa Gurraa Dhaamolee kuma shan ta’an qe'ee fi qabeenyaa isaaniirraa buqqa'uun gara Aanaa Dalloo Mannaatti baqachuu aanga'aan mootummaa godinichaa BBC'tti himan. Jiraattoonni Aanaa Dalloo Mannaa Ganda Kal’ee Golbaa qubatan kunneen Aanaa Gurraa Dhaamolee Ganda Okkoltuu jedhamu keessaayi kan buqqa’an. Bulchaan Aanaa Daalloo Mannaa Haaji Mohaammad Awwal , "namoonni baqatan kunneen karaa gabaa dhaqan dhabanii, sodaatanii gara Aanaa keenyaatti baqatanii,'' jechuun BBCtti himan. Aanaan Gurraa Dhaamolee daangaa naannoo Oromiyaa fi naannoo Somaalee wajjin wal daangessu irratti argamti. Jiraattonni kunneen kan buqqa'an walitti bu'iinsa daangaatiin wal-qabatee uumameen akka ta'ee fi lubbuun namoota 10 olii maddeen BBCn dubbise himan illeen, aanga'aan kun garuu "walitti bu’iisi uumame ta'e, xiyyitiin dhukaafames hin turre," jedhan. Dhalattoonni Oromoo ganda Okkoltuu gabaa bahanii akka hin bitannee fi hin gurguranne tuma kan tuman "namoota fedhii siyaasaa qabaniidha" jechuun ibsu aanga'aan kun. "Buqqatonni kunneen gabaa barbaaddanna jedhanii dhufan, iddoo midhaan bitannu nu dhoowwanii'' jechuun akka himatan dubbatu bulchaan aanaa Dalloo Mannaa kun. Jiraattonni ganda guutuu abbaa warraa 1,000 ta'an kunneen torban dura buqqa'anii Aanaa Dalloo Mannaa ganda Kal’ee Golbaa qubachuu BBCtti himan. Akka isaan jedhanitti, buqqatonni kunneen daa’imaa hanga nama guddaatti otoo hin hafiin maatiisaanii waliin kan qe’eerraa godaanuuf dirqaman. Jiraattoonni Aanaa Gurraa Dhaamolee ganda Okkoltuu irraa buqqa'an kunneen abbaa warraa 1,000 yoo ta’an, waliigalatti baayyinni isaanii 5,000 ta’a jedhan.
Jiraattoonni Aanaa Gurraa Dhaamolee ganda Okkoltuu irraa buqqa'an kunneen abbaa warraa 1,000 yoo ta’an, waliigalatti baayyinni isaanii 5,000 ta’a jedhan. Sababii rakkina neetiworkiin naannichaatiin wal qabate BBCn haala namoonni qe’eesaaniirra buqqa’an jedhaman kunneen ammaan tana keessatti argaman mirkanneeffachun hin dandeenye. Dabalataanis dhimma kanarratti hoggantoota Biiroo Buusaa Gonofaa naannoo Oromiyaa fi aanga'oota godinaa fi aanichaa dubbisuuf yaallee hin milkoofne. Haata'u malee Haaji Mohaammad hawaasni naannoo fi bulchiinsi Aanichaa buqqaatoota iddoo qubatanitti gargaaraa jiraachuus BBCtti himan. "Sharaa diriirsanii, nyaata daa’immaniifi namoota gurguddaaf dhiyeessanii jiru. Aanaafi godinni waan qabuun deeggare jira," jedhan. Ammatti buqqatoota deeggaruun humna Aanaa isaaniitiin ol akka hin taanee, yoo itti fufe garuu humnasaaniitiin ol ta’uu akka malu dubbatan. Kibxata darbe dabalataan sharaa keessa qubatan, uffata halkanii, midhaan soorataa walumatti meeshaalee birri miliyoona tokkotti dhiyaatu manneen amantaa deeggaruu himan. Deggarsi hatattamaa akka kennamuuf bulchiinsa mootummaa naannoo fi federaalaa beeksiisus himaniiru. Bulchaan Aanaa Dalloo Mannaa kun akka jedhanitti, namoonni kunneen qe’eesaanitti deebi’uu barbaadu. Waggoota muraasan dura walitti bu’iinsa naannoo daangaa naannolee Oromiyaa fi Somaaleetti dhalateen wal qabatee, namoonni miliyoona tokko caalan buqqa’uunsaanii ni yaadatama.
Itoophiyaatti mirgi lubbuun jiraachuu balaa hamaa keessa akkuma galetti itti fufeera – KMNI Komishiniin Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa (KMNI) gabaasa waggaa tokkoo, Waxabajji 2021 hanga Waxabajji 2022 baaseen, Itoophiyaa keessatti ji’oota 12 darbe keessa mirgi lubuun jiraachuu balaa baayyee hamaa keessa akkuma galette itti fufeera jedhe. Qaamolee nageenyaa mootummaafi humnootaafi gareewwan hidhatan birootiin mirgoonni namoomaa sarbamaniiru jedha Komishinichi. Komishiniin Mirgoota Namoomaa mootummaan hundeesse kun, keessumaa waraanni naannoo Tigiraay keessatti jalqabame Adoolessa bara darbe gara naannolee Amaaraafi Affaaritti babal'achuu hordofee gareewwan waraanicha keessatti hirmaatan of eeggannoo barbaachisu taasisuu dhabuu isaaniirraan kan ka'e namoonni nagaa 403 ajjeeffamaniiru jedha. Keessumaa tarkaanfii humnoota Tigraayiin ta'e jedhamee fudhatameen yoo xiqqaate namoonni nagaa 346 murtii tokko malee kan ajjeefaman yoo ta'u, ajjeechaan kun ammoo dubartoota, daa'imman, maanguddootaafi warra miidhama qaamaa qaban dabalata jedheera KMNI gabaasa isaa kanaan. Akkasumas, yeroodhuma wal fakkaatutti Waraanni Bilisummaa Oromoo (WBO) kan mootummaan "ABO-Shanee" jedhu naannoo Amaaraa bakkeewwan tokko tokkotti namoota nagaa ajjeesaniiru jedhe. Gama biraan ammoo naannoo Amaaraafi Afaar bakkeewwan tokko tokko keessatti raayyaan ittisa biyyaa, humni addaa Amaaraafi hidhattoonni Faannoo humnoota Tigraay waliin ykn "ABO-Shanee" tumsitaniittu ykn miseensaafi deeggartoo namoota jedhan irratti murtee seeraa tokko malee ajjeechaa raawwataniiru jedheera Komishiniin Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa. Naannoo Amaaraatti ALI Adoolessa 2013 Gondar Kibbaa magaalaa Worrataattii fi ALI Sadaasa 2014 magaalaa Axaayyeetti ajjeechaan sabummaa irratti hundaa'e jiraattota irratti raawwatamuu isaatiin namoonni nagaa ajjeefamaniiru.
ALI ji'a Ebla 2014 keessa ammoo naannoo Amaaraa magaalaa Gondar keessatti walitti bu'insa amantaan walqabatee dhalateen yoo xiqqaate namoonni 14 humnoota nageenyaatiin, namoota dhuunfaan hidhataniifi dargaggoota gareedhaan socho'aniin haleellaa raawwatameen ajjeefamuu isaanii ibseera Komishinichi ibsa isaa kana keessatti. ALI Waxabajji 2014 keessa godina wallagga Lixaa, aanaa Gimbii ganda Toleefi godina Qeellam Wallaggaa keessatti haleellaa "ABO-Shanee" raawwateen namoonni nagaa ajjeefamuu himuun, naannoo Oromiyaa kessummaa godinaalee Wallaggaa keessatti ALI ji'a Hagayya 2013 hanga Waxabajji 2014tti haleellaa sabarratti hundaa'e hidhattoonni kunneen gaggeessaniin daa'immaniifi dubartoota dabalatee namoonni nagaa dhibbaan lakka'aman ajjeeffamaniiru jedha gabaasni kun. Ajjeechaa sabarratti hundaa'e Wallagga Lixaafi Qeellama Wallaggaa keesstti baatii Waxabajjii kana keessa gaggeeffame kana mootummaanii fi komishiniin kun "ABO-Shaneetu" raawwate jechuun himatu. Waraanni Bilisummaa Oromoo (WBO) garuu ibsa irra deddeebiin baaseen haleellaa jedhame kana akka hin raawwatiin himuun qaama walabaatiin akka qoratamuuf gaafateera. Akka gabaasa kanaatti, naannoo Gambeellaattis walitti bu'insa "ABO-Shanee" fi garee Adda Bilisummaa Gambeellaa jedhamuun beekamuu ALI Waxabajji 07, 2014 humnoota mootummaa waliin taasisan hordofee humnoonni nageenyaa mootummaa namoota nagaa irratti ajjeechaa murtii malee raawwataniiru. Naannoo Beneshaangul Gumuz keessattis ALI Fulbaana 2014 irraa kaasee namoota nagaa butaman keessaa hidhattoota Gumuziin ajjeefamaniiru. ALI Guraandhala 2014 keessa aanaa Matakkal keessatti miseensonni raayyaa ittisaa 20 hidhattootaan ajjeefamuu hordofee humnoonni nageenyaa mootummafi namoonni uffata sivilii uffatan ajaja tokko malee ajjeechaa raawwataniiru; nama lubbuun jiru tokkoofi reeffa namootaa ammoo ibiddaan gubaniiru jechuun gabaasa isaa kana keessatti eereera.
Naannoo Saba, Sablammootaafi Ummattoota Kibbaa keessatti gaaffii gaaffiiwwan caasaa godinaafi aanaa, akkasumas daangaa waliin walqabatanii yeroo gara gara garaa bakka gara garaatti ka'aniin walqabatee trakaanfii humnoonni nageenyaa mootummaa fudhataniinis jiraattonni, miseensonni nageenyaafi bulchiinsaa lakkoofsi isaanii ammatti sirriitti adda hin baafamiin darbeera jedha. Waraana kaaba Itoophiyaatti tureen walqabatee ammoo mirgoonni gocha gara jabinaa, sarbama mirgoota namaafi hiraarsaafi nama salphisuu irraa bilisa ta'uu sarbameera akka KMNI jedhutti. Waggaa tokko darbe gabaasni Komishinichaa kun qorate keessatti sababa labsii yeroo muddamaa tureen walqabatee kutaa biyyattii bakka gara garaatti hidhaan akka feeteedhaan, ajaja mana-murtii malee hidhuun, humnaan ugguranii miliqsuun, maatiifi ogeessonni seeraa akka hin dubbisne gochuun, akkasumas osoo qorannoo hin jalqabiin himannaa banuun dura hidhaa tursiisuun ballinaan mullateera. Waraana Tigraay keessa ture hordofee bilbilliifi interneetiin waan akkuma addaan citetti jiruuf mirga odeeffannoo argachuufi dabarsuu irratti dhorkaan cimaan kaa’ameera jedha Komishiniin Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa gabaasa isaa kanaan. ALI Adoolessa 2013 hanga Caamsaa 2014tti hojjetoonni miidiyaa 39 to’annoo jalaa oolfamuu KMNI ibseera. Isaan keessaa hojjetoonni miidiyaa 15 ta’an aanga’oota Tigraayiin naannicha keessatti kan hidhaman ta’uu gabaasichi ni mul’isa. Komishiniin Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa filannoo biyyaalessaa jahaffaa Itoophiyatti gaggeeffame ilaalchisuun gabaasa isaa wagga kana keessatti akka ibsetti, filannichi nagaan gaggeeffame. Filannicha raawwachiisuudhaaf Boordii Filannoo Biyyaalessaatiin taasifaman carraaqqiiwwan taasifaman gaariin turan jedheera. Gama biraan ammoo miseensotaafi deeggartoota paartileen mormitootaa irratti dhiibbaawwan dinagdeefi hawaasummaa, akkasumas sochii siyaasaa isaanii daangessuuf yaaluun tureera jedheera.
Gama biraan ammoo miseensotaafi deeggartoota paartileen mormitootaa irratti dhiibbaawwan dinagdeefi hawaasummaa, akkasumas sochii siyaasaa isaanii daangessuuf yaaluun tureera jedheera. “Manneen sirreessaa Federaalaafi naannoo human baayyee muraasa ta’een hojjechaa kan jiran ta’ullee, fooyya’insa taasisan tokko tokkoon tarkaanfiiwwan gaarii ta’an hedduun fudhatamaniiru jedha gabaasa isaa wagga kanaan Komishinichi. Haata’u malee, maneen sirreessaa baayyeen sirreeffamtoota adabbii qaamaan kan adaban yoo ta’u, sirreeffamtootaaf naayaafi tajaajila fayyaa gahaafi qulqullina qabu akka hin dhiyeessinedha. Kana malees, poolisiin shakkamtoota yeroo eeganii mana murtiitti dhiyeessuu dhabuun gabaasa kana keessatti ibsameera. Komishinichi gabaasa isaa kana keessatti namoonni kutaalee biyyattii gara garaa keessattis bakkeewwan idileen alaatti hidhamanii jiraachuu ibseera. Keessumaa magaalaa Finfiinnee, naannolee Oromiyaa, Amhaaraa, Affaariifi Kibba keessatti namoonni baayyee humnoota hidhatan deeggartaniitu ykn miseensa jedhamuun bakka mana hidhaa idilee hin taane keessatti hidhamaniiru jedheera. Komishiniin Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa akka jedhutti, yeroo ammaa kana lammileen biyyattii miliyoonaan lakkaa’aman yeroo ammaa kana sababa walitti bu’insaafi balaa uumamaatiin qe’ee isaaniirraa buqqa’anii buufataaleen gara garaa keessatti dahatanii rakkoo keessatti argamu. Rakkoo namoota buqqa’aniif furmaata kan kennu qaamni mootummaa seeraan hundaa’e dhibuun isaa ammo rakkoo isaanii kana daran wal xaxaa taasisa jedheera. Wal waraansi Kaaba Itoophiyaatti gaggeeffame buqqatota irraan rakkoo mirgoota namoomaa guddaa keessa akka galan taasisuu isaas eereera Komishiniin Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa.
Haalli qilleensa duumessaa'aa Finfinnee balaliinsa xiyyaaraa jeeqe Haalli qilleensaa duumessa'aan har'aa xiyyaaroonni buufata Xiyyaaraa Boolee Idil-Addunyaa akka hin qubannee fi hin kaaneef rakkisaa ta'uunsaa himame. Odeeffannoon kallattii balaliinsaa kan qoodan marsariitiiwwan Flight Radar 24 fi Flight hour irraa argaman akka mul'isaniitti, xiyyaaronni buufata xiyaaraa Boolee qubachuuf rakkatanii wayita samii Finfinnee irra balali'an agarsiisa. Kana malees Daandiin Qilleensaa Itoophiyaa karaa toora Tiwitara isaatiin akka beeksiiseetti, sababii haala qilleensaa duumessaa'aa Buufata Xiyyaaraa Booleetti umameetiin balaliinsawwan Finfinnee ka'aniifi qubatan irratti boodatti harkifannaan umamuu beeksiiseera. Xiyyaarri lakoofsi balaliinsa isaa ET607 ta'eefi Chaayinaa Guwaanshuu irra ka'uun Finfinnee qubachuun irra tures yeroo muraasaa f wayita samii magaalaa Finfinnee gubbaa marsu mul'ateera. Haaluma walfakaatunis xiyyaarri daandii qilleensa Itoophiyaa ka'umsi isaa Tooroontoo Kaanaadaa taasifate hanga haalli qilleensaa fooyya'uutti samii Finfinnee irra osoo marsuu mul'ateera. Haaluma walfakkaatunis xiyyaarroonni Beeyiruuti Leebaanoosiifi Dubaayi Yunaayitid Imireetis irraa gara Finfinneetti balalii'aa turan kallattii saanii geedaruuf dirqamaniiru. Xiyyaaroota sababii haala qilleensaa baayyee duummeessa'een qubachuu dadhabaniin alattis, xiyyaaroonni silaa buufata Booleetii ka'u qabansi sababiidhuma kanaan akak turan taasifamaniiru. Daandiin Qilleensa Itoophiyaatiis sababii haala qilleensaa kanaatiin balaliinsiiwwan hangam akka boodeetti harkifatan ilaalchisuun hanga yoonaatti kan jedhe hin jiru. Buufata Xiyyaaraa Boolee idil-addunyaatti sababii haala qilleensaa rakkiisaa akkanaatiin balaliinsiiwwan wayita booteetti akka harkiifatan taasifaman kun kan jalqabaa miti.
Buufata Xiyyaaraa Boolee idil-addunyaatti sababii haala qilleensaa rakkiisaa akkanaatiin balaliinsiiwwan wayita booteetti akka harkiifatan taasifaman kun kan jalqabaa miti. Waggaa tokkoon duras haaluma walfakkaatuun haalli qiilleensaa duumessaa'aa waan naannawa buufatichaa ture xiyyaaroonni magaaloota naannooleefi biyyoota ollaa biraa akka qubataniif dirqisiisuun isaa ni yaadatama.
Boorana Yaaballootti amantoota warra wangeelaa tulluurratti waaqeffachuu maaltu dirqisiise? Godiina Booranaa tulluu magaala Yaaballoo biratti argamu tokkorratti viidiyoofi suurawwan yeroo namoonni of kennanii waaqeffatan miidiyaa hawaasaarra ballinaan naanna'uu kan jalqabe bubbuleera. Maqaan tulluu kanaas ‘Gooxii Garbii’ jedhama. Namoonni dhibbaan lakkaa’aman tulluu kana gubbaatti osoo kadhatanii fi faarfatanii viidiyoon agasriisu yeroo heddu miidiyaa hawaasaa irratti qoodama. Viidiyoo kana irratti ijoolleen, dargaggoonni, dubartoonni ijoollee xixiqqoo baatanii fi jaarroleen illee tullicha gubbaatti wal gahanii yoo waaqeeffatan mul’atu. Namoonni kunneen gannaa rooba keessa, yeroo bonaa ammoo aduu keessa dhaabatanii waaqeffatu. Viidiyoon namoota kanneen erga miidiyaa hawaasaarratti qoodamu eegalee boodas namoonni sababii ni ta’a jedhan garaa garaa yoo kaasan dhagahamu. Jarri kun waa rakkatan malee tulluurratti bahanii hin waaqessan kan jedhan jiru. Kaan ammoo akka waan lafa itti waaqeffatan dhabaniittis kan fudhatanis jiru. Gumii kana tulluu Gooxi Garbii kanarratti yeroo heddu walitti qabee tajaajila kennaa viidiyoowwanii fi suuraawwan miidiyaa hawaasaa irratti kan mul’atu Hayiluu ykn kan maatiin Dawwaa Shibbiruu Shotaa jedhe waamudha. Daawwaan namoota kana tulluu Gooxi Garbii gubbaatti maaliif akka walitti qabuufi kaayyoon isaanii maal akka ta’e BBC’tti himeera. “ALI dhuma bara 2009’tti nama shan taanee tulluu kanarratti yeroo fudhannee kadhannaaf murteessine. Kaayyoon keenya jalqaba waggaa sadiif deddeebinee tullicharratti yeroo fudhannee waa’ee biyyaa, waa’ee sabaafi waa’ee tajaajila keenyaa kadhannee Waaqayyoo irraa ergaa fudhanna jennee jalqabne,” jechuun akkamitti akka jalqaban dubbata Daawwan. Itti dabaluunis, “Yeroo keenya mana bunaa fi bakka birootti dabarsuurra achi lafa qoofnii deemnee yeroo fudhannee kadhachuu qabna jennee murteessine malee kaayyoo biraa hin qabnu,” jedha.
Erga tulluu kana gubbaatti hiriyoota shan ta’anii kadhachuu jalqabanii namoonni fedha isaanitiin dhufanii itti dabalamuun wajjin kadhachuun akka eegalan duubata. Sana booda namoonni walirraa dhagahuun baay’achaa dhufan. “Achitti kadhannaa waan goonuf namoonni dhibee addaa addaa irraa ni fayyu; namoonni biroo kana dhagahanii walitti himuun dhufu. Yeroo tokko tokko hanga namoota kuma tokkoo kan ta’antu dhufee hirmaatu,” jedha Daawwaan. Sirna amantaa warra wangeelaa keessatti namoonni dhuunfaanis ta’ee garee muraasan yeroo gabaabadhaaf yeroo fudhatanii kadhannaa soomaa fi sagadaa taasisuuf tulluu irratti bahanii kadhachuun waanuma barameedha. Haata’u garuu, kan Yaaballotti mul’atu kanarraa adda. Namoonni hedduu akka sirna waaqeffanaa waldaa keessatti gaggeeffamuutti tulluutti bahanii sirna faarfannaa, kadhannaa fi wangeela lallabbuu taasisu. Kun ammoo hordoftoota amantii biroo waliin atakaroo fi morkii keessa nama galchuu danda’a yaaddoo jedhuuf, “Tulluun sun lafa uummataati. Haata’u malee, hanga ammaa mootummaas ta’ee uummata naannichaa irraa mormiin adda ta’e nu mudate hin jiru,” jedha Daawwan. Rakkoon akkanaa yeroo heddu Godina addaa Naannawa Finfinneetti baramaadha. Ebla 8, 2022 tti Magaala Galaanitti namoonni taabotatu asitti argame jedhanii lafa uummataa irratti waaqeffannaa eegalan bulchiinsi magaalaa tarkaanfii fudhatee dhaabsisuu isaa ni yaadatama. Bifuma wal fakkaatun Ebla 1, 2019 tti Koyyee Facceetti taabotatu waaqa irraa bu’e jedhanii namoonni ittiin lafa qabachuuf socho’aa akka turan ni yaadatama.\nDaawwan ammoo, “Nuti lafa humnaan qabanne hin qabnu. Torbanitti guyyoota muraasa achi deemnee sa’aatii muraasa achitti waaqeffannee gara mana keenyatti deebiina” jedha. Namoonni kadhannaadhaf tulluu Gooxi Garbii irratti walitti qabaman kun yeroo heddu aduu, rooba fi dhukkee keessa osoo dhaabatanii yookin taa’anii mul’atu.
Namoonni kadhannaadhaf tulluu Gooxi Garbii irratti walitti qabaman kun yeroo heddu aduu, rooba fi dhukkee keessa osoo dhaabatanii yookin taa’anii mul’atu. “Bakka sanatti waan akka dahoo fi teessuma godhachuuf qarshii nu barbaachisa. Kanaaf ammoo gara fuulduraatti yoo ta’e malee ammatti guutuu hin dandeenye,” jedha Daawwaa Shibbiruu. Akka Daawwan jedhutti, tulluu kana gubbaatti sirna waaqeffannaa isaanii qofa osoo hin taane bakka isaan itti kadhatan irraa xiqqoo siqee iddoon waaqeffannaa sirna aadaas jira. Kana ilaalchisee wal-dorgommiin amantii hin ka’uu gaaffi jedhuuf, “Naannoo kanaatti waaqeffannaa sirna aadaatu gaggeeffama jechuun mormiin yeroo tokko nurratti ka’ee ture. Garuu nuti callisneetuma kadhannaa keenya itti fufne,” jedha. Gara fuulduraatti ammoo bakkicha giddu-gala kadhannaa gochuuf karoora akka qabaniifi mootummaa irraayis eeyyama gaafachuuf akka jiran dubbata. Daawwaa Shibbiruu tajaajilaa amantii qofa osoo hin taane, hojjataa mootummaati. Godiina Booranaa Magaala Yaaballoo Waajjira Bishaanitti hirmaannaa ummataa irratti akka hojjatu BBC’tti hime.
Hiriyoota sadan Yuunvarsiitii Ambootti daree tokko keessaa A+ tarreessan Waktiin kun yeroo itti yuunivarsiitiwwan Itoophiyaa keessa jiran heddu barattoota itti eebbisiisaniidha. Kanumaan walqabatee barattoonni Naannoo Oromiyaa irraa dhufan heddu haala kana dura hin baramneen qabxii guddaa A+ dhaan dabaalame galmeessuun eebbifamaa jiru. Yuunivarsiitii Amboo kampaasii Haacaaluu Hundeessaa irraa oduun dhagahames dinqisiifannaa namoota hedduu argateera. Hiriyoonni sadi gosa barnootaa 46 fudhatan keessaa A+ hanga 40 tarreessuun seenaa hojjatan. Hiriyoonni kunneenis Eeliyaas Hirphasaa, Baqqalaa Yaadasaa fi Zarubaabel Malaakuu jedhamu. Barataa Raajii Ashannaafii Yunivarsiitii Saayinsii fi Teeknoolojii Adaamaa (ASTU) irraa gosa barnootaa 60 barate hunda A+ fiduun raajii hojjatee eebbifamuun ajaa'ib nama jechisiise. Kan Raajii Ashannaafii osoo raajeffannee hin fixin hiriyoonni Yuunivarsiitii Amboo sadi raajii biraa dalaganii kan baranaa adduma nama jechisiisan. Barattoonni qabxii olaanaanaa galameessun Yuunivarsiitii Amboo irraa eebbifaman kun BBC Afaan Oromoo wajjin turtii taasisaniiru. Eeliyaas, Baqqalaa fi Zarubaabel Yuunivarsiitii Amboo Mooraa Haacaaluu Hundeessatti gosa Barnootaa Saayinsii Kompiitaraa barachaa turuun Adoolessa 2,2022 qabxii walii galaa 4:00 fiduun eebbifamuu dubbatu. Eeliyaas Hirphasaa gosa barnootaa 46 fudhate keessa A+ 40 fi isa hafe 6 A fiduun Yuunivarsiitii Amboo irraa qabxii olaanaa galmeessuun badhaasa waancaa mo’achuu hima. Baqqalaa Yaadasaa ammoo gosa barnootaa fudhate keessaa A+ 37 fiduun kaAN ammoo hunda A fidee qabxii walii gala 4:00 galmeessuun Eeliyaasitti aana.
Hiriyaan isaanii Zarubaabel Malaakuu ammoo A+ 33 fi kan hafe hunda A fiduun qabxii walii galaa 4:00 galmeessun eebbifame. Garaa garummaan isaanii qabxii walii galaa osoo hin taane baay’ina lakkoofsa A+ isaan argataniidha. Sadan isaanituu mooraa tokko, muummee barnootaa tokko, daree tokkotti baratanii qabxii wal fakkaataa 4:00 fiduudhan eebbifaman. Mooraa yuunivarsiitii keessatti yeroo heddu barattoonni walii walii isaanii morkatu, odeeffannoo wal dhoksu. Inni tokko isa kaan gatee darbuuf dorgoma. Kan hiriyoota kana sadanii garuu faalladha. Anatu caaluu qabaadhaan wal goomataa, wal dorgomaa osoo hin taane hiriyummaadhan wal gargaaraa wal utubaa qabxii wal fakkataa argatanii milkiikaa'uu dubbatu. “Nuti yeroo hundumaa gaarummaadhumaan wal gargaaraa waliin qo’achaa turre malee wal-goomachuun tokko gidduu keenya hin turre,” jedha Baqaalaan. Hiriyoonni kun akka jedhanitti hiriyummaan isaanii waggaa jalqabaa yuunivarsiitii eegalanii kaasee akka ta'e dubbatu. “Waggaa jalqabaa seemisteera duraa irratti qabxii keenya barree hundi keenya hojjachuu akka dandeenyu erga hubannee booda wal gargaarree waliin hojjachuu akka qabnu murteessine,” jedha Eeliyaas. Baqqalaa Yaadasaa gama isaatin, “Baay’ee walii gallee hojjanna turre. Waanan ani hin beekne Eeliyaas beeka, kan Eeliyaas hin beekne ammoo Zarubaabel beeka. Bifa kanaan wal gargaarree dubbisuun keenya ijoo milkaa’ina keenyati,” jechuun wal morkiin osoo hin taane wal gargaaruun akka milkaa’an dubbata. Eeliyaas Godiina Wallagga Lixaa Aanaa Lataa Sibuu, Magaala Gooriitti akka dhalate duubata. Baruumsa isaa sadarkaa tokkoffaa achumatti barate. Baruumsa sadarkaa lammaffaa ammoo Godiina Beench Maajii magaala Mizaan Tafariitti barate. Achii ammoo mana baruumsa qophaa’inaa bakka dhaloota isaatti deebi’uun xumuree bara 2011 A.L.I tti Yuunivarsiitii Amboo seene.
Achii ammoo mana baruumsa qophaa’inaa bakka dhaloota isaatti deebi’uun xumuree bara 2011 A.L.I tti Yuunivarsiitii Amboo seene. Baqqalaa Yaadasaa ammoo Godiina Addaa Naannawa Finfinnee Aanaa Sabbata Awaas magaala Awaash Malkaatti dhalatee akka guddate dubbata. Baruumsa sadarkaa tokkoffaa hanga qophaa’inaas achumatti barate. Baqqalaan obboloota dhiiraa lamaa fi dubaraa lama qaba. Zarubaabel Godiina Wallaga Lixaa Mana aanaa Sibuu ganda Idooroo jedhamutti dhalatee guddate. Zarubaabel baruumsa sadarkaa tokkoffa bakkuma dhaloota isaatti yoo baratu, sadarkaa lammaffaafi qophaa’ina ammoo magaalaa Mandiittii akka barate BBC tti hime. Zarubaabel obboloota isaa arfan keessaa nama lammaffaa yoo ta’u, ijoollummaa isaatii kaasee barataa cimaa akka ture dubbata. “Jalqabumaa kaasee barataa cimaa waanan tureef barattoota wajjin wal dorgomaa turre. Ergan mooraa seenee ammoo hiriyoota koo baruumsatti baay’ee ciccimoo ta’aniin wal baruun koo akkan caalmatti milkaa’u na taasise,” jechuun Eliyaas fi Baqqalaa wajjin turtii akkamii akka waliin dabarsan ibsa. Itti dabaluunis, “Ani jireenya koo keessatti namnin fakkeenya Martin Luutar dha. Haasaa isaa keessaa ‘Ani Mul'atan Qaba’ kan jedhu anaaf bu’uura kooti,” jedha Zarubaabel.
Dubartoota Itoophiyaa miidiyaalee hawaasaa Chaayinaarratti ‘rakasa’ jedhamuun dhiyaatan Chaayinaatti miidiyaalee hawaasaa bebbeekamoo jiran keessaa kanneen viidiyoon gaggabaaboo ta’an irratti dhiyaatan DouYin (TikTok) fi Kuaishou jedhaman guyyaatti namoota miliyoonaan lakka’amaniin daawwatamu. Meediyaaleen hawaasaa DouYin (TikTok) fi Kuaishou jedhaman kunneen kan hojjetamaniif akka gita TikTok ta’anii tajaajilaniif yoo ta’an kampaanii tokko jalatti bulu. Miidiyaaleen hawaasaa kanneen lamaan lammileen Chaayinaa biyya alaa jiraatanillee bal’inaan ni fayyadamu. Kanaaf, lammileen Chaayinaa Itoophiyaa keessa jiran dubartoota Itoophiyaa waliin DouYin (TikTok) fi Kuaishou osoo fayyadamanii arguun waan baramaa ta’aa dhufeera. BBCn viidiyoowwan bal’inaan miidiyaalee hawaasaa Chaayinaa irratti qoodaman miidiyaa hawaasaa biroo irratti qoodamanii argeera. Viidiyoowwan kanneen irratti namoonni lammummaan isaanii Chaayinaaa ta’an dubartoota Itoophiyaa waliin t’uudhaan afaan Chaayinaa kan ta’e Mandariinii fayyadamuudhaan jechoota gara garaa yeroo irra deebiin jechisiisan agarsiisu. Itti dabaluunis, ibsa yeroo kennaniifi darbee darbee yeroo tuqan agarsiisu. Viidiyoowwan kanneen irratti hiika jechoota afaan Chaayinaa Mandariiniitiin jedhaman waajirri BBC Beejing jiru hiikeera. Viidiyoo kana irratti dubartiin surree(fiddoo) bifti isaa roozii ta’eefi T-shartii adii uffatte karaa duubarraan osoo waraabamaa jirtuu mul’atti. Namni viidiyoo kana waraabus dubartii kana qolee(gatiittii) ishee tuqaa takkaa dhaabbattee fuula ishee akka agarsiiftuuf, yeroo biroo ammoo akka deemtu gochuudhaan afaan Mandariiniitiin ibsa kenna. Dubartiin lammii Itoophiyaa kun daandiirra guyyaa deemaa kan jirtu yoo taatu, naannawaa ishee suuqiiwwan daldalaa akkasumas sochiin namootaafi geejjibaa ni mul’ata.
Ibsa waan afaan Mandariiniitiin dubbatamee hiika akka jedhu qaba: “Mee ishee ilaalaa! RMB kuma sadii [maallaqa Chiiyanaa ittiin bitanii gurguran] sirriitti baasti. Miidhagina uummattoota Chaayinaa waliin walitti dhiyaatu qabdi. Weerarri asitti hedduu yaaddessaa miti. Warra ‘Ashishang’ barbaaddan hundaaf! Jecha [Ashishang] jedhuuf waajirri BBC Beejing jiru hiika sirrii argachuu dhabus akkaataafi haala keessatti gale keessatti hubachuuf akka carraaqametti taanaan, hiika ‘warra baar gamatti dhaluu barbaadaniif’ jedhu qaba. Viidiyoon kun kallattiidhaan kan tamsa’aa turedha. Mana tokko keessatti namni lammii Chaayinaa ta’e tokko jalqaba dubartii isa waliin kaameraa dura dhaabatte tokko quba harka isaatiin quba harka dubartii kanaa keessa galfatee harka ishee akkuma qabatee jirutti mul’ata. Itti aansuudhaan afaan Madariiniitiin ishee gaafachaa afaanuma sanaan akka deebii kennituuf [eyyeen ykn lakki kan jedhu] taasisa. Dhaabbatee gara kaameraatti ilaalaa ibsa isaa itti fufa. Kanarra darbuun dubartii biroo kara fuula kaameraatti akka seentu gochuun quba isaa quba ishee keessa galfatee gaaffii inni gaafatuuf mataa ishee raasaa deebii yeroo kennitu ni mul’ata. Isaan booda ammoo dubartoota lamaan akkuma hammateen ibsa kenna. Gaaffii afaan Chaayinaatiin dhiyaatuuf, deebiin kennamuufi ibsi lammii Chaayinichaa akkas kan jedhudha. Namicha Chaayinaa: Mana ni barbaaddaa? Dubartittii Itoophiyaa: Hin barbaadu! Namicha Chaayinaa: Dhuguma kee jettee? Dubartittii Itoophiyaa: Eyyeen! Namicha Chaayinaa: Maallaqa omaa hin barbaadduu? Dubartittii Itoophiyaa: Hin barbaadu. Namicha Chaayinaa: Dhuguma kee jettaa? Dubartittii Itoophiyaa: Eyyeen Gara kaameraa ilaalaa ibsa kennu. “Ishiin kun dubartiin kun dubartii Afrikaati. Gosaawwan boodatti hafoo ta’an keessatti jaalallee saawwaan jijjiirrachuun ni danda’ama.
Addunyaa ammayaa kana keessatti konkolaataa, manaafi gonfa mushirrootiif kaffaluun hin barbaachisu. “Hoggantoonni Chaayinaa hedduun asitti gaa’ela ijaarrattanii ijoollee horachaa jiru. Ijoolleen dhalatan akkuma kiyya bifti isaanii adiidhaa. Yeroo guddachaa deemaniifi dabalaa deeman xiqqoo ni gurraacha’u.“ Dubartii Itoophiyaa biroo gara kaameraatti fiduudhaan gaaffii wal fakkaataa gaafachuudhaan yeroo deebii kennitu ni mul’atti. [Gara daawwattootaatti gala galuudhaan] namni ishee jaallateeru jiraa? Isheen kun lakkoofsa tokkodha. [Quba itti qabee agarsiisaa]. Isheen kun ammoo lakkoofsa lamaffaadha. Warri lakkoofsa tokko barbaaddan ‚tokko‘ jedhaa barreessaa. Lakkoofsa lama warri barbaaddan ammoo lama jedhaa barreessaa. “Namni isaan barbaadu jiraa? Konkolaataa, manaafi maallaqa hin gaafatan. Yeroo ammaa Chaayinaatti jaalallee argachuudhaaf kuma dhibbaan nama gaafatu, “ jedha. Dabalataanis Itoophiyaa keessatti baasii hanga kanaa baasiin kan hin barbaachifneefi meekaappii tokko malee miidhagina uumamaa akka qaban qama isaanii tutuqaa ibsa. Tamsaasa kallattichaa irratti ijoolleen ol adeemoo ta’anis gaaffii gaafatanii ibsiifi deebiin ni kennama. Yeroo wanti kun hundi raawwatamuu garuu dubartoota Itoophiyaa viidiyoo kana irratti mul’atan arguudhaan waraabamuu kana fedhii isaaniitimoo dirqamanii akka ta’e mirkaneeffachuuf BBC hin dandeenye. Tamsaasni viidiyoo miidiyaa hawaasaa kallattii kun Afrikaa keessatti magaalaa guddoo Itoophiyaa Finfinnee irraa akka ta’e himameera. Viidiyicha irratti dubartiin lammii Itoophiyaa taate tokko lammii Chaayinaa kallattiidhaan tamsaasu fuula dura dhaabbattee wanta inni afaan Chaayinaatiin isheen jedhu irra deebiyaa dubbatti. Isheetiin duubarraan ammoo sarara hiriira fakkaatu irraan dubartoonni sadii mooraa viidiyoon kun itti waraabamu keessaa ni mul’atu.
Isaan boodaa gara dubartoota kanaatti agarsiisuun ibsa taasisa. Umurii, hojjaa, ulfaatinsa, hojiifi Chaayinaa deemuu akka barbaadan gaafachuudhaan deebii isaanii afaan Chaayinaatiin ni hiiku. Erga kana godheen boodas hordoftoota tamsaasa kallattii sana horodofan keessaa maqaa waamuudhaan wanta barbaadan argachuudhaaf tajaajila maamilaa dubbisuu/argachuu akka danda’an dubbata. Kanaanis hojii namoota walitti fiduu irratti akka hojjetus eereera. Miidiyaa hawaasummaa Chaayinaa DouYin jedhamu kanarratti tamsaasawwan viidiyoo kallattiin darban erga xumuramaniin booda deebisanii argachuun hin danda’amu. Sababa kanaan viidiyoowwan kunneen DouYin irratti deebiyanii argachuun hin danda’amu. Viidiyoowwan BBCn ilaalee kan dubartoonni Itoophiyaa bifa ‘gabaaf’ dhiyaatan fakkaatuun rabsame kana kan argachuun danda’ame yeroo kallattidhaan tamsa’aa turetti waraabamee miidiyaa hawaasummaa biro irratti erga rabsameen boodadha. Chaayinaatti miidiyaawwan hawaasaa DouYin (TikTok) fi Kuaishou jedhaman irratti dubartoonni Itoophiyaa bifa kabaja isaanii xiqqeessuun akka irratti dhiyaatan lammiin Itoophiyaa Chaayinaa jiraatu akka maqaan isaanii hin eeramne barbaadan tokko BBCtti himaniiru. Lammiin Itoophiyaa akka afaan Chaayinaa dhageessu dubbatte kun miidiyaalee hawaasaa kanneen irratti “[Itoophiaanonni] dhaabbiifi bifa isaanii ilaalaa jechuun taayitii [uufata maxxantuu] itti uffisanii wanta namatti hin tolle agarsiisu,” jechuun ibsiteetti. “Akka dubartii Itoophiyaa tokkootti, akka dubartii afaan Mandariinii danda’u tokkoottis yeroon wanta kana argu baayyiseen aara,” jechuun yaada ishee BBCtti himteettilammiin Itoophiyaa biroon. Dubartiin kun akka jettutti, dubartoonni Itoophiyaa viidiyoowwan kanneen irratti mul’atan afaanicha ni hubatu jettee akka hin amanne eeruudhaan, wantan dubban irratti dabalataan gochi isaanii kan nama qaanessudha jetti. “Baayyinaan [teessuma, mudhiifi bakkawwan qama saalfii] isaanii tuttuqaa agarsiisu.
Keessumaa tokko tokko ammoo daldala godhanii ilaalu. Itoophiyaa yoo dhuftan dubartoonni mimmiidhagoon ni jiru, walitti isin fidna jedhu. Nama aarsa,” jechiin ibsiti. Keessumaa lammileen kutaa Itoophiyaa uffata uffachuun baayyee hin mul’anne keessa jiraatan bifa kabaja isaanii xiqqeessuun viidiyoon irratti akka hojjetamaa jiru namoonni yaada isaanii BBCtti himan lamaan ibsaniiru. “Viidiyoowwan gara warra Hamar deemamuun hojjetaman tokko tokko hedduu nama aarsu. Ani aadaa isaanii sana nan jaalladha, nan kabajas. Isaan boodatti hafummaa keenya agarsiisfuutti ilaalu. Dubartoonni harma isaanii, dhiironni ammo qama saalaa isaanii agarsiisaa deemu jedhu,” jechuun komii qaban ibsu. Dhaabbanni DouYin fi TikTok bulchu Baayitdaans jedhamu kampaaniiwwan tekinooloojii addunyaa kanaa baayyee galii guddaa qaban keessaa tokkodha. Kampaaniin kun bara darbe keessa qofa bu’aa dolaara biliyoona 58 argateera. Haaluma wal fakkaatuun miidiyaa hawaasaa viidiyoo Chaayinaa baayyee jaallatamu Kuaishou jedhamu bara kana keessa ji’a sadii keessatti qofa dolaara biliyoona 3 buufachuu isaa beeksiseera. Kanaaf, dhabileen miidiyaaleen hawaasaa Chaayinaa keessatti hedduu jaallataman hogganan kunneen viidiyoowwan kallattiin tamsa’aniifi fe’amaniif maallaqa kaffalu. Kanaan alattis, keessumaa DouYin sirna ittiin namoota viidiyoo hojjetaniif maallaqa ittiin kennu ni qaba. “[Chaayinoon Itoophiyaa keessa taa’anii viidiyoo kana hojjetan] hanguma daawwattoota argataniin waan isaaniif kaffalamuuf wantota hin malle godhu. Kunis eenyummaa, bifa gogaa, saalaafi biyya haala hin taaneen dhiyeessuudhaan faayidaa argachuudhaaf yaalu jetti dubartiin lammii Itoophiyaa Chaayinaa jiraattu. Viidiyoowwan qabiyyee akkasii qaban Itoophiyaa keessatti qofa osoo hin taane biyoota Afrikaa biroottis hojjetamanii miidiyaalee hawaasaa Chaayinaa irratti heddummaataa dhufuu isaanii itti dabaluun ibsiteetti.
Viidiyoowwan qabiyyee akkasii qaban Itoophiyaa keessatti qofa osoo hin taane biyoota Afrikaa biroottis hojjetamanii miidiyaalee hawaasaa Chaayinaa irratti heddummaataa dhufuu isaanii itti dabaluun ibsiteetti. Viidiyoowwan kana fakkaatan miidiyaalee hawaasaa irratti heddumminaan baratamaa dhufuun isaa warra fayyadaman biratti waa’ee lammilee Itoophiyaa hubannaa hin taane akka qamaatan uumuufi babal’isuu akka danda’us eerteetti. Keessumaa viidiyoowwan Itoophiyaa keessatti waraaban eeraman kunneen dubartoota Itoophiyaa kan rakasiisuu, gara Itoophiyaa yoo dhufan salphaatti akka argachuu danda’an fakkeessuurra darbee, bifa biyyattii kan xureessuua akka ta’e Itoophiyaanonni kun miira aariin dubbatu. “Warri Chaayinaa kun nuun dubartoota Itoophiyaa, dubartoota Afrikaa… callisanii karaaduma irraa akka waan fudhataniitti itti fakkaatu… Nuun dubartoonni osoo qarshiin nu hin sossobu ta’ee, gogaan isaanii addachuunis osoo nu hin goyyoomsu turees gaariidha. Akkas gochuun isaanii kaayyoo nu salphisuuti,” jechuun gorsa of eeggannoo dabarsiti. Namoota dhimmi kun isaan yaaddessee yaada isaanii BBCtti himan kanneen dabalatee lammileen Itoophiyaa Chaayinaa jiraatan dhimmicha Imbaasii Itophiyaa Beejing jirutti himaniiru. Dhimma kana irratti yaada isaanii akka kennaniif BBCn kan gaafate Chaayinaatti Ambaasaaddarri Itoophiyaa Ambaasaaddar Tashoomee Togaa, odeeffannoo akka hin qabne himaniiru. Garuu Imbaasichi dhimmicha akka qulqulleeffatu himaniiru.
'Ijoollummaan biyyaa ba'een mooraa baqattootaa keessatti ijoollee jaha horadhe'-baqataa Itoophiyaa Kaakumaa jiru Godina Harargee Bahaa magaalaa Dadar irraa bara 2005 barnootasaanii kutaa saddeetitti adda kutanii wayita baqatanii Keeniyaa seenan ijoollee ta'uu himan Obbo Jamaal Adam, baqataan ammaan tana mooraa Kaakumaa keessa jiraatan. Yeroo sana jeequmsa uumtan jedhamanii waraana mootummaan dararamuu kan himan Obbo Jamaal, ammalleen garuu seenaan sun hin geeddaramne jedhan. ''Ergasii maatii kiyya waliinis addan ba’e. Waggaa dheeraaf waa'ee maatiikoo quba hin qabun ture. Dhiyeenyuma kana wayita namoonni naannoo feesbuukii irratti waa maxxansan isaan duuka buune iyyafachuun namoota muraasa quunnamuu eegalle,'' jechuun maatiisaanii ammallee yaadaa akka jiran himan. Namni hedduun maatiiyyuu quba hin qabu kan jedhan namni kun, ofiisaanis asumatti maatii horachuu himan. Mooraa Kaakumaa seenanii waggaa shanitti baqattuudhuma akkasaanii erga fudhaniin booda amma abbaa ijoollee ja’aa ta'aniiru. Erga UNHCR'tti galmaa’anii waggaa 17 caalaniiru, haata'u malee jaarmiyaan kunis homaa akka hin gooneef himan. '‘Inumaa dhimman ittiin galmaa’eyyuu dagadheera. Amma hojii dhuunfaa kiyyaa banadheen daldalatti jira. Ofii tattaafadheen ijoollee kiyyallee barsiisaa jira. Amma galata rabbii ji’a saditti doolaara 300 kaffalaan barsiifataa jira,’’ jedhuu attamiin ijoolleen saanii akka ifa barnoota argataniif carraaqqii taasisaa jiran yoo dubbatan. '‘Ijoolleen kiyya sadan walduraa duubaan kutaa 4-6 baratu. Hanga naaf danda’ametti carraan na mudate ijoollee kiyyatti akka hin darbine gochuufan tattaafadha. ''An sababan harkaa dhabeef barachuu dadhabus, amma ammoo wayitan waa harkaa qabutti ijoollee kiyya barsiisuun waan na miliqe bakka buufachuun qaba,’’ jechuun ijoolleesaaniif jecha dhiphataa jiraachuu himan.
Obbo Jamaal sababa haadha warraa fuudhaniif jecha dhimmi isaanii gufachuus himu. '‘Sababan fuudheen ammoo UN dhimma kiyya boodatti na jalaa deebise. Duraan ammoo isaanumatu yoo fuutanii maatii horattan ni filatama nuun jedhan. Wayitan fuudhu ammoo akka waan sirrii hin taaneetti dhiibbaa narraan ga’an. Garuu kaanillee akkuma kiyya, dhimmi isaanii homaa hin ilaalamneef. ''Kan hin fuudhan ta'e, kan hin fudhiin, baqattattoonni hanga waggaa 20-30 as keessa taa’anitu jira,’’ haala adeemsa iyyannoo baqattummaa itti jiru yoo ibsan. Wayita biyyaa baqachuun gara Keeniyaa dhufan nama isaan gargaaru homaa akka hin qabne kan himan namni kun, ''kanaafuu ofuma kootiin waa’ee koo murteessuu akkan qabun ejjennoo qabadhe,’’ jechuun karoorasaanii ibsan. ''Jiraachudhaaf barachuu yookaan dalaguun qaba jedheen karoorse. Garuu ammoo waan UNHCR nu kennu qofaan jiraataa yoon baradhe namarratti hirkachuufan deema. Haala kanaan barumsaan milkaa’u akkan hin danda’eenye waanan hubadheefan gara hojii hojjechuutti xiyyeeffadhe.\n\n''Barachuuf maallaqa hin qabu, dalaguuf garuu humna qaba waan ta’eef shilingii shantamallee yoo ta’ee dalaguun qaba jedheen murteesse,’’ jechuun attamiin hojii hojjachu akka eegalan himu Obbo Jamaal.\n\nIsa booda maallaqa Keeniyaa shilingi shantamaan hoteela namoota isaan dura Kaakumaa seenaniitii mindeeffamuun hojjechuu eegalan. ''Wogguma sanan qusachuu eegale. Osooman hojii nama biraa waliin dalaguun kaffaltiin kiyya ji’atti hanga shilingii 6,000 ga’e. Achinis ergan maallaqa muraasa harkatti qabannaan booda hojii mataa koo eegale,’’ jechuun yeroo gabaabaa keessatti daldala dhuunfaasaanii eegaluu himan. '‘Amma dukkaa qaba, mana nyaataallee qaba. Amma ofirra darbee namoonni keenya akka na bira hojjetanillee carraa baneefii jira.
Kanneen waa harkaa hin qabnellee anuma biraa gargaaramu,’’ jechun ofirra darbuun namoota kaan gargaaraa jiraachu dubbatu. '‘Yeroo ammaa kanattis namoota saddeetitu na bira jiran,’’ jedhu. Mootummaan Keeniyaa mooraan baqattootaa gurguddaa biyyattii-Kaakumaa fi Dadaab akka cufaman deddeebi’ee ajaja dabarsaa ture. Bitootessa bara darbee UN tarkaanfii akka fudhatuuf guyyaa 14 kennunisaa ni yaadatama. Haata'u malee, hanga yoonaa wanti raawwatame hin jiru. Ta'us ejjennoon mootummaa Keeniyaa kun baqattoota mooraa Kaakumaa 200,000 ol fi Dadaab kuma 218 caalaniif yaaddoo guddaa akkuma ta’etti jira. Akka ragaa UN’tti lammiileen Itoophiyaa kuma 30 caalan keeniyaa keessa baqattummaan jiraatu. '‘Wayita mootummaan Keeniyaa mooraan cufamuu akka qabu labse hedduun rifadhe, TV of biraa waanan qabuuf oduu dhaggeeffadheen dhagahe. Hedduu hamilee na buuse. ''Meeshaalee yeroo dheeraa turan fiduus nan dhiise. Sababni isaa waan itti aanee ta’u waan hin beekneef. Hojii kiyyarratti qormaataa guddaa ture,’’ jechuun yaaddoon yeroos ture ammallee jiraachuu himu Obbo Jamaal. '‘Yeroo sana silaa carraa waa meeqa argachuun qaban ture. Garuu labsiin mootummaa yeroo sanaa akkaan of duuba na deebise.’’ Keeniyaatti filannoo Hagayya dhufu gaggeeffamuuf kanneen duula filannoo gaggeessan wayita naannawa isaanii deeman dhimmasaaniirratti akka hin xiyyeeffanne himan Obbo Jamaal. '‘Namoonni duula na filadhaaf naannawa kana dhufan dhimma keenya hin kaasan. Mootummaan yaada mooraa cufsiisuurratti dhiyeesse sana dhiisuu waan ibse hin qabu. Erga labsiin sun labsamee amma waggaa caaleera, garuu waan ta’uuf deemu hin beeknu,’’ jedhan Obbo Jamaal. '‘Filannoo filachuuf mirga dhabnus garuu bulchiinsi dhufu osoo ejjennoo mootummaa biyyattii sirreessee hawwina,’’ jechuun waan filannoo biyyattiirraa eegan dubbatan.
'‘Baqattoonni ammallee heddumminaan Itoophiyaarraa garana dhufaa jiru. Poolisiin dachaastee fidaa jirti. Ana bira namoota dhiyoo dhufan keessaa ja’a jiru. Hedduun daa’imman wagga 12 fi 13ti. Mana barumsaarraa baqatanii akka dhufan natti himan,’’ jechuun haalli baqattootaa daranuu yaaddessaa deemaa jiraachuu ibsan. ''Kaan ammoo mooraa haaraa ijaaranii itti naqaa jiru. Sharaa qofa gadi dhaabanii achitti naqanii deemu. Rakkoo guddoodha.’’ Baqataa biraan Obbo Aliyyii Usmaan bara 2003 erga biyyaa baqatanii ba’anii hanga yoonaa mooraa Kaakumaa jiraachuu himan, sababa yeroo dheeraaf turaniif dhimma jalqaba UNHCR irratti ittiin galmaa’an iyyuu dagachuu dubbatu. ''Wanti hundi nu harkaa babbadeera. Keessa ba’ee sammuun kiyyallee na hojjechuu dideera. Waanan ittiin galmaa’e dhiisii waan kaleessa ta’eyyuu hin yaadadhu. Abdii kutadheera,’’ jedhan. Mooraa cufuuf doorsisa mootummaan dhiyeessu dabalatee qaamni dhimmasaanii harkaa qabu UNHCR itti callisuun daranuu akka isaan burjaajesse dubbatan. ''Mootummaan mooraan ni cufamti jedhee yeroo hedduu dubbata. Nuti rabbuma malee homaa hin qabnu. Warri dhimma keenya harkaa qabus nurraa garagaleera,’’ jedhan. ''Osoo bulchiinsi haaraan qabiinsa bqataa asii hin jijjiirin yaaddoo guddaadha. Biyyi keenya nagaa taanaan nutuu as oollee hin bullu, akka biyyi amma itti jirtutti garuu rakkisaadha. Yoo carraa arganne ammoo gara biyya sadaffaa deemuudha. Sanuu nama fayyaa qabutu dhaqa. Nuti asitti dulloomne, jechuun abdii kutatanii jiraachuu himan.
Nuti asitti dulloomne, jechuun abdii kutatanii jiraachuu himan. Guyyaan baqattootaa Addunyaa waggaa waggaan Waxabajjii 20 torban lamaan dura, akka kabajamuuf Dhaabbata Biyyoota Gamtoomaniin labsuun bara 2001 irraa eegalee kabajamaa jira.\n\nGuyyaan baqattootaa addunyaa kun yaadannoo waggaa 50ffaa Waliigaltee Seeraa (Convention) dhimma haala baqattootaa irratti bara 1951 bu'uureffame irratti kabajamuu eegale.\n\nJalqaba Guyyaa Baqattootaa Afrikaa jedhama ture, UN garuu yaa'iisaa idilee Muddee 2000 gaggeesserratti maqaasaa jijjiiruun ''Guyyaa Baqattootaa Addunyaa,'' jedhee labse.\n\nGuyyaan kun barana mata duree, ''dhalli namaa hundinuu mirga nageenyummaan jiraachuu qaba,'' jedhuun biyyoota addunyaa garaagaraa keessatti kabajama.\n\nKaayyoon guyyaa kanaa haala baqattoonni keessa jiran hubachuu fi cimina baqattoonni jireenyasaanii ijaaruu keessatti agarsiisaniif beekamtii kennuudha.\n\nDhaabbati Biyyoota Gamtoomanii erga waraana Raashiyaa fi Yukireenii lakkoofsa baqattootaa addunyaarratti miiliyoona 100 caaluu fi kanaanis guddoo yaadda'uu ibseera.\n\nLakkoofsa kana keessaa lammiilee Siiriyaa, Veenzuweelaa, Afgaanistaan, Sudaan Kibbaa fi Miyaanmaar harka 70 qooddatu.\n\nItoophiyaanis biyyoota lammiileenshee gara biyyoota addunyaa garaagaraatti baqatan keessaati.\n\nKeeniyaan biyyoota lammiileen Itoophiyaa hedduun itti baqatan yoo taatu, nutis guyyaa kana sababeeffachuun haala jiruu baqattootaa mooraa Kaakumaa keessa jiru namoota achi jiran irraa iyyaafanneerra.
Foormulaan Herregaa barataa Fayisaa Tafarii argate barattootaaf furmaata ta'aa? Barataan mana barumsaa qophaa’inaa magaala Baakkoo Tibbee ganna 19 tahe, Fayisaa Tafarii foormulaa herregaa haaraa argateen beekamtiin kennameef. Fayisaan foormulaan jalqaba ture gaaffii kenname furuuf barataa cimaa tokko yoo xiqqaate daqiiqaa sadii fudhata, kan amma ani argadhe garuu daqiiqaa tokkoo gaditti furuuf gargaara jedh. Barataan baadiyaa Godina Horroo Guduruu aanaa Jimmaa Gannatiitti dhalatee guddate Fayisaan bara kana barataa kutaa 12ffaati. Foormulaan Herregaa karaa gabaabaa argates barnoota herregaa boqonnaa jalqabaa irra kan jiru irratti barattootaaf dhamaatii kan xiqqessu tahuu hima. Foormulaan kunis Artimetik Sikuweensi [Arithmetic Sequence] jedhamuun kan beekamu yoo tahu, yeroo dheeraaf ittiin barsiifamaa tureera. Garuu gaaffii kenname foormulaa Kanaan furuuf yeroo dheeraa gaafata jedhe. Fayisaan ammoo kana fooyessuun foormulaa ‘’Fayisa Theoram’’ jedhee moggaase bara kana argate. Foormulaan kun an= a [ n-1]d haala kanaan kan beekamu ture. Fooormulaan Artimetik Siquweensii garaagarummaan lakkoofsota walitti aanan gidduu jiru dhaabbataa tahuu kan ittiin beekuu dandeenyudha. '‘Foormulaa kana argachuuf ji’a tokko guutuu irrattan dabarse. Ergan argadhee barsiisaa herregaa keenyattan agarsise. Innis erga ilaalee barsiisota Herregaa kaan waliin ilaalanii bakka fooyyessuu qabu erga ilaalanii akka sirrii tahe naaf mirkaneessan.’’ Daarikterri mana barumsaa sadarkaa lammaffaa magaalaa Baakkoo Tibbee Obbo Balaay Bayyanaa Fayisaan barataa cimaa abdii biyyaa kana tahe himuun foormulaan argates sadarkaa aanaatii hanga ministera Saayinsii fi Teekinoloojitti ergamuun akka madaalame himan.
Barataan kun argannoo isaa kanaaf badhaasa biiroo Barnoota Oromiyaa fi Yuunvarsiitii Adaamaa irraa argachuus himaniiru. Fayisaan akkuma bara kana kutaa 12ffaatti barnoota herregaa jalqabaniin formula kana argachuuf yaalii godhee akka milkaa’e hime. '‘Amma barattootni akka baran goonee qormaata irrattis itti fayyadamaa jiru. Yeroo gabaabaa keessatti waan ittiin hojjennuuf qormaata xumura semistera irrattis itti fayyadamneerra,’’ jedhe. Obbo Balaayis foormulaa haaraan barataa kanaa barsiisotaaf ogeessotaan sirrii tahuun isaa mirkanaa’uu himan. Barsiisonni herregaas barataa fayisaaf qormaata adda addaa kennuun foormulaa Kanaan hojjetee akka agarsiisu taasisuun sirrii tahuu mirkaneessan jedhan. Yuunvarsiitiin Amboo fi Adaamaas foormulaa kana ilaaluun akka mirkaneessan hima Fayisaan. Adaamaatti dorgommi kalaqaa irrattis dorgomuun badhaasa Birrii fi waraqaa raga akka argate hime. Barataa Fayisaan barnoota kaan caalaa herrega irratti yeroo hundaa qabxii ol aanaa akka fidu BBCtti hime. '‘Herrega qabxii xinnoo kan fidee beeku 90, isaan ala 100 fi isaa olis nan fida. Bara kanas 100’n fide.’’ Gara fuulduraatti ani herrega baradha jedhee osoo hin taane waanuman jaaladhuufan cimee irratti hojjechaa jira. Barataan tokko gosa barnootaa tokko irratti cmaa tahee kaan irratti laafuu danda’a. Isa qofa osoo hin taane barnoota tokko irrattiyyuu mata duree tokko irratti cimee kaan irratti akkas tahuu dhiisuu mala jedhe. Kanaaf anis fuulduratti kan barachuu barbaadu barnota medicine’ [hakiima] tahuudha. Yoon sana dhabe ammo sooftiweer injiineriingi barachuu barbaada. Yoo Kanaan hin milkoofne ammo herregaan itti fufuun fedha jedhe. '‘Baadiyaatti dhaladhee guddadhus yeroo barattootni kalaqa adda addaa hojjetanii badhaafaman nan dhagaha.
'‘Baadiyaatti dhaladhee guddadhus yeroo barattootni kalaqa adda addaa hojjetanii badhaafaman nan dhagaha. Fakkeenya kan naaf tahes isaanuma.’’ Fayisaan maatiin isaas deeggarsa barbaachisu akka godhaniif dubbata. Barsiisonni herregaa isa barsiisaa turani akka inni cimuuf shoora ol aanaa dubbachuu hime.
Dhibdee daangaa Itoophiyaa fi Sudaan muddama haaraa dhale Humni Ittisaa Sudaan ibsa Dilbata Waxabajjii 26 baaseen, loltoota booji'amanii turan torbaa fi nama nagaa tokko na jalaa ajjeeste jechuun Itoophiyaa himateera. Loltoonni Itoophiyaa lammilee Sudaan kanneen erga ajjeesanii booda "reeffa isaanii addabaabaayii irratti uummatatti agarsiisan" jechuun himate. Itti dabaluunis "gocha gantummaa kanaaf deebii ni laanna" jechuun Sudaan dhaadateetti. Motummaan Itoophiyaa gama isaatiin badii lubbuu qaqqabeef gadduu ibsuun, garuu maddisaa haala humnootii ittisaa Sudaaniin ibsame miti jedheera. Waajjirrii Dhimma Alaa Itoophiyaa ibsa Waxabajjii 27, 2022 baaseen, taateen jedhame kun gaafa Waxabajjii 22, daangaa waloo biyyoota lamaaniirratti humnoonni Suudaan daangaa Itoophiyaa cabsanii seenuu hordofee raawwatamu ibse. Itti dabalunis, gareen waraana idilee Sudaan kan miseensoota 'shoroorkeessaa TPLF'n deeggarame haleellaa erga raawwatanii booda ture taateen kun daangaa Itoophiyaa keessatti kan mudate jedheera. Badii lubbii sababii walitti bu'iinsa waraanaa Sudaaniifi milishoota naannichaa jidduutti mudateen qaqqabe kunis qoratamaa jira jedhe ibsichi. Haata'u malee ''kan daangaa Itoophiyaa qaxxaamuruun seenee osoo garee waraanaa Sudaan ta'e jiruu, himannaa haqa maleessa humnootiin ittisaa Suudaan Itoophiyaa irratti dhiyeessan motummaan Itoophiyaa cimsee morma,'' jedhe. Dhibdeen daangaa Sudaaniifi Itoophiyaa barootaaf ture amma dura humnoota waraanaa biyyoota lamaanii gidduutti dhukaasa hamaa guddaadha jedhamu kan hin keessummeessine ta'us, muddamni yeroo adda addaatti dhalatu dabalaa dhufeera. Torbee darbe keessa Ministirri Muummee itti Aanaa Obbo Dammaqaa Mokonniin mootummaan isaanii rakkoo Al-faashagaa karaa nagaa hiikuu filata jedhanii ture.
Itti dabaluunis humni Sudaan waraana Kaaba Itoophiyaa daheeffachuun daangaa Itoophiyaa keessa galuun ''lammiilee Itoophiyaa buqqisaniiru, qabeenya isaanii saamaniiru,'' jedhamiiru. Dubbiin kun mootummaa Sudaaniin balaaleffatamuu miidiyaaleen Sudaan gabaasaniiru. Ibsa mootummaan Itoophiya kaleessa baasenis, motummaan Sudaan gochaawwan haalicha harbeessan kamu irraa of ittisa jedheen abdadha jedheera. Itti dabalunis ''mootummaa Itoophiyaa taateen tibbanaa kunis walitti dhufeenya ummattoota Itoophiyaafi Sudan jidduutti hundee fageeffate balaarra buusuuf kan itti yaadame umamee ta'u amana.'' Kana malees taatee kun kan Itoophiyaa daandii nagaafi misoomaa irraa deebiisuuf kan qophaa'eedha jedhe. Haata'u malee, motummaan Itoophiyaa dudhaalee garaagarummaa jiru karaa nagaatiin hiikuutti ammas ni amana jedhe. Barruun dhuunfaa Sudaan, Sudaan Tiribuun, torbee darbe keessa maddeen waraanaa biyyattii waabeffachuun akka gabaasetti, daangaa Sudaanitti kan argamtu bakka al-Quraayisha jedhamutti humnoonni Sudaan haleellaa raawwachuun booda muddamni hammaate. Sudaan bakka raayyaan ittisa biyyaafi milishoonni Itoophiyaa nageenya qotee bultoota Itoophiyaa eeganitti loltoota 10 erguun ishee gabaafamee ture. Gama kaaniin Lixa Goondar magaalaa Matammaattis lolli tureera gabaasni jedhu jira. Naannoo magaalaa Matammaa ganda Shimat Magiduqaa jedhamutti haleellaa hidhattootni Sudaan raawwataniiru jedhameen qonnaan bultootni naannichaa hojii qonnaa isaaniirra gufachiisamaniiru. Raadiyoon Sagaleen Ameerikaa bulchaa Lixa Goondar Bikaas Warquu waabeffatee akka gabaasetti ''waggaa tokko keessatti abbootiin qabeenyaa 246 hojii qonnaarratti bobba'an hojii isaanii dhaabaniiru'' jedheera. Waraanni Kaaba Itoophiyaa dhalatee guyyoota muraasaa keessatti raayyaan Ittisa biyyaa Itoophiyaa daangaa waldhabsiisaa naannichaa irraa loltoota isaa baase. Humnoonni Sudaanis qaawwa kanatti fayyadamuun humnoota isaanii bakka waraanni Itoophiyaa gadhiisee bahe qubatan.
Kanaan walqabatee lafti Itoophiyaan barootaaf kan kooti jettu harka humnoota Sudaan gale. Ergasii mootummaan Itoophiyaa irra deddeebiin humnoonni Sudaan daangaa qaxxaamuruun lafa koo keessatti sochii waraanaa gochaa jiru jechuun himachaa baate. Dubbii himaan Ministeera Haajaa Alaa Itoophiyaa duraanii Ambaasaddar Diinaa Muftii ji'oota dura ibsa miidiyaaleef kennaniin, humnoonni Sudaan daangaa Itoophiyaa keessa seenanii sochii jabaa gochaa jira'' jechuun dubbatanii ture. Itti dabaluunis rakkinicha karaa dippiloomasiin furuuf yaaluun ''sodaa ykn waliin dhahuuf miti'' jedhanii ture. ''Naannicha walitti bu'iinsarraa hambisuuf jecha Itoophiyaan yaalaa jiraattus obsi kun daangaa qaba.'' Rakkoo jjiru mariin hiikuufis haaldureen jalqabaa Mootummaan Itoophiyaa kaa'e humnoonni Sudaan lafa qabatan gadhiisuu qabu kan jedhuudha. Sudaan gama isheen lafa erga wraanni Kaaba Itoophiyaa eegalee qabatte gadhiisuuf fedha akka hin qabne garuu ammoo Itoophiyaa waliin waraanatti galuufis fedhiin akka hin jirre ibsaa turte. Sudaan Alfashaagaa irraa lafa taakkuu tokko akka hin kennine hooggansi waraanaa biyyattii Meejar Janaraal Haayider Altariif dubbatanii turan. Sochiin waraana haaraa leenjisuus adeemaa akka ture miidiyaaleen biyyattii gabaasanii turan. Sudaan daangaan Itoophiyaa waliin qooddattu km 700 ol dheeratu keessaa naannoon Alfashaagaa jedhamu biyyoota lamaaniinuu akkaan barbaadama. Qonnaan bultoonni biyyoota lameenii naannicha qubatanii argaman lafa qonnaaf mijataa naannoo isaanii jiru babal'ifachuufis fedha qabu. Alfashagaan lafa qonnaaf mijataa gama Sudaaniin Lixa Gadaarifitti lafa argamuudha. Lafti kun lafa omishaaf mijataa iskiweer kiilomeetirii 250 kan bal'atuufi heektaara 240 kan ta'uudha. Qonnaaf mijataa kan isa taasise ammoo laggeen akka Atibaaraa, Setiitiifi Baasilaam jedhaman gidduutti argamuu isaati.
Qonnaaf mijataa kan isa taasise ammoo laggeen akka Atibaaraa, Setiitiifi Baasilaam jedhaman gidduutti argamuu isaati. Biyyootni lameen amma dura lafa falmisiisaa kana irra deebiin daangaaa isaa sararuufi waloon piroojektoota misoomaa irratti gaggeessuun qonnaan bultoota gargaaruuf waliigalanii kan turan ta'us hojiitti hin geeddarre. Gaanfaa Afrikaa keessatti daangaaleen hedduu wal dhabdee qabu. Itoophiyaan bara 1977 naannoo Ogaaden irratti Somaaliyaa waliin wal waraantee turte.\n\nBara 1998 lafa xiqqoo Baadimme jedhamtu irratti Eertiraa waliin wal waraanteetti.\n\nLola kanaan loltoonni 80,000 ol gama lamaaniinuu yoo ajjeefaman, biyyoota lamaan jidduu diinummaan akka hammaatu taasiseera.\n\nManni murtii haqaa idil-addunyaa lafa Baadimme Eertiraaf murteessullee Itoophiyaan hanga Sadaasa bara 2020 lolli Tigraay eegalutti loltoota ishee Baadimme keessaa baasuu diddee turte. Waraana bara 1998 kana booda Itoophiyaa fi Sudaan daangaa biyyoota lamaanii kiiloomeetira 744 dheerati qixaan sararachuuf mariitti deebi'anii turan.\n\nFashaga irratti garuu salphaatti waliigaluun hin danda'amne. Akkaataa waliigalteewwan bara kolonii 1902 fi 1907tiin daangaan biyyoota lamaanii Baha Fashaga jira.\n\nKana jechuun lafichi Sudaaniif mala - garuu ammoo qonnaan bultoonni Itoophiyaa waggoota dheeraf laficha misoomsaa gibiras mootummaa Itoophiyaaf kafalaa turan.
Dargaggeessi dheerinaan Nagawoo Jimaa 'nan caala' jedhu Gujiirraa as bahe Maqaan isaa Awwaluu Buxxuulaa jedhama. Dhalatee kan guddate Godina Gujii Bahaa Aanaa Gooroo Doolaatti. Ilma horsiisee bulaa ta’uu kan himu Awwaluun, dheerinni isaa garmalee dabalee namoota caalaa dhufuu kan bare yeroo umriin isaa ganna 15 ture ta’uu yaadata. “Ani Ijoollummaa kiyyatti loon tiksaa guddadhe. Booda mana barumsaa galee hanga kutaa saddeetii baradhe. Ani mucaa dhumaa waanin ta’eef abbaan kiyya ‘barumsa dhaabii karra kiyya dhaali’ jennaan qe’eetti deebi’ee niitii fuudhe,’ jedha. Awwaluun amma hojii horsiisa beelladaa keessaa bahee daldala irrattii hojjechaa jira. Beeyiladaafi albuudota magaalaa Shaakisoo fi Finfinnee gidduu daldala. “Shaakisoo yeroo ani hojiif bahu namni nalaalee kolfa. Kaan ammoo nadhaabanii waliin suura kaana jedhu. Sababa kanaaf jecha ani dheerina kiyya kana nan jibban ture,” jedha Awwaluun. Dargaggeessi umuriin isaa ganna 24 kun, dheerinni isaa meetiraa lamaa fi seentimeetiraa 35 dha. Ammatti hanga kana dheerachuu isaa kan bilbilaan himate isumadha. Nagawoo Jimaa kan kana dura dheerinaan Itoophiyaa keessaa rikardii dheerinaa qabatee jiru meetira lamaafi seentimeetira 25 dheerata ture. Namni dheeraan kan biraan naannoo Amaaraa irraa argaman ammoo Barihee Gaashuu jedhamu. Obbo Bariheen dargaggoo Nagawoo Jimaa waliin wayita walargan hojjaadhaan Nagawoon caalee argame. Namoonni dhedheeroon hanga ammaatti beekaman sadanuu Itoophiyaa keessa 'anatu dheeraadha' jechuun dubbatu. Eenyu hunda caalaa dheeraa akka ta'e garuu wayita isaan sadanuu walargan kan hubannu ta'a. Awwaluun dheerina qofa osoo hin taane ulfaatina qaamaatiiniis nama laayyoo miti. Hamma kuntaala tokkoo fi Ruubii (125KG) ulfaata.
Nagawoo Jimaa miidiyaa irrattin arga malee qaamaan hin beeku kan jedhu Awwaluun, ‘’dheerinni kun bu’aa qaba jedhee yaadee waan hin beekneef gara of beeksisuutti dhufuuf baayyee fedhii hin qabun ture,’’ jedha. “Ani dheerina kanaan beekamee faayidaa maal qaba? jedhee waan yaaduuf gara miidiyaa kanalleen dhufee hin beeku,’’ kan jedhu Awwaluun, ‘’Eega Nagawoon beekameen duuba namootni naannoo kiyyaa ‘dhaqiitii safarami rikardii kuni kan kee taha’ jedhanii jennaan amma Finfinneetti safaramee hagana tahe,” jedha. Akkuma Nagawoofaa Awwaluufis rakkoo cimaan geejjiba fayyadamuu irratti. ”Konkolaataa yeroon seenu yookaan jilba naqaba, yookaan mataa gadi naqaba. Yeroo tokko tokko konkolaachistoonni sababa bakka qabatta jedhuun na fe’uuf fedhii hin qaban. Yeroo kaan ammoo kan nama lamaas ta’u kanfaleen imala,” jedha. Dargaggoon kun, “Ani Nagawoo Jimaa seentimeetira kudhaniin waanin caaluuf Itoophiyaa keessaa dheerinaan tokkoffaan ana,” jechuun dubbata. Rikardii Nagawoodhaan qabamee jiru gara isaatti jijjiirsisuufis dhaabbata Galmee Dinqisiisoo Afrikaa waliin qunnamtii akka jalqaabeefi dhihootti waraqaa ragaa argachuufis abdateera. Kophee lakkoofsa 50 ta’e akka godhatuufi sababa qe’een isaanii gara daangaa Keeniyaatti dhihaatuuf kophee isaaf ta’u gatiin olka’uun alatti dhabee rakkatee akka hin beeknes hima. Dheeraan Gujiirraa bahe kun abbaa rikardii dheerinaa, Nagawoo Jimaa qaamaan argatee waliin haasa’uuf barbaacharra akka jirus dubbata. “Nagawoon ilma Oromooti nan jaaladha. Aniifi inni dheerinaan waalitti dhihaanna. Silaa qaamaan isa argadhee fedhii nama ija keessaa ilaalaa itti haasa’uuf qabu naaf baha ture. Nama hunda gadi ilaalaan itti haasa’a. Nama guddaafaa yoo ta’u namatti ulfaata.
Nama guddaafaa yoo ta’u namatti ulfaata. Isa garuu ijumaan wallaalaa haaasofnaayyu,” jedha Awwaluun. Dheerinni isaafi ulfaatinni isaas yeroodhaa yerootti dabalaa akka jiruufi fuula duratti kana caalaa akka dabaluu danda’us hima. Awwaluun karra abbaa isaa dhaaluuf barumsa dhiisee qe’eetti deebi’uun ijoollummaan erga bulti horatee amma abbaa ijoollee lamaati. Maatii isaa keessa namni dheeraan akka isaa akka hin jirreefi warri ollaa fi maatiin dheerina isaa kana kennaa Waaqaati jedhanii akka jaalataniifis dubbata.
Jiruu Baqaa: “Jireenya fooyyee jiraachuuf biyyaa baqanne, baqannees boqonnaa hin arganne” Maqaankoo Diinee Ahmad jedhama. Umuriinkoo waggaa 18 yoo ta’u, Wallaga Bahaa aanaa sibuu Siree ganda Boqoo Jimmaattin dhaladhe. Waggaa lamaan duran gara Yaman deemee. Osuman achi jiruus dhukkubsadhe. Hospitaala UN na galchanii akkan dhukkuba kalee qabu natti himan. Isaanis baay’ee na yaalan. Gaafan biyyarraa deemu hojjadhee fooyya’een bakka guddaa gaha jedheen deeme ture. Garuu akkan yaade naaf hin taane. Sababiin dhukkubsadheef, achitti baay’en rakkadhe. Jarris na waliin dararaman. Yeroo sana biyya keessas rakkoon waan jirtuuf hojii hojjachuu hin dandeenye. Biyyattiis isin ABO'dha jedhanii nu qabuu dhufu. Nuti hawaasa malee waa’ee ABO waan beeknu hin turre. ABOn gaara keessa jira malee nuti waan beeknu hin qabnu. Sababa kanaatiin nu dararanii jennaan asitti hojjadhee ergan fooyya’uu dadhabee jedheen biyyaa bahuu murteesse. Sababiin jalqabuma akka biyya baanu kan nu taasise sababii kana ture. Sana booda dallaalaa Masrii jiruufi kan wajjin baranne tokkootti bilbilanne. Inni ammoo Dirree Dawaatti dallaalaa birootti nuuf bilbile. Achii dallaalonni naannoo Gammoojjii Somaaletti nu geessan. Achittis nyaanniifi dhugaatiin hin jiru. Har’a yoo nyaattee, bori sa’aatii walfakkaataatti deebitee nyaatta. Bishaan safaramee nuuf dhufa. Leetira tokko nama lamaaf kennu. Osoo akkasitti rakkannuu achi ji’a lama teenyee. Ijoollee baay’etu nu biraa dhume. Kaan isaanii karaa Jibuutii nu biraa kutan. Nuti ammoo gara Saa’udii deemuf haalli naaf mijatee wayis hojataa osoon jiruu na dhukkube. Deemsa gammoojjii irraa kan ka’e nyaataa fi bishaan dhabee baay’ee laafeen ture.
Isaan garuu hospitaala na galchanii baay’ee na yaalanii na jajjabeessan. Ergan Yaman galee warra UNtu na fuudhee na yaalaa ture. Warri nu biraa gara Saa’udiitti imalan ijoolee 450 ta’antu gubate. Ijoollee sana maqaa isaanii kanin beeku keessa turan. Ani barataan ture. Haadhaa fi abbaa kiyya bira taa’en barataa ture. Boodarra jeequmsa irraa kan ka’e manni baruumsaa cufame. Bakka dhaqnee barannus hin qabnu turre. Kanumarra osoo jirruu ture ani dabtraa fi kitaaba koo mana kaa’e gara sana kan deeme. Ergan deemee (Yamanitti) mana yaalaa na geessanii akkan biyyatti deebi’uuf haala akka naaf mijeessan natti himan. Ani imoo gara Saa’udii deemu malee jedheen dide. Achi keessa doktoroota nama gorsantu jira. Guyyaa lama lamaan dhufanii na gorsu turan. Umurii kanatti deemee karaatti hafuurra biyyatti galee haadha fi abbaa koo waliin akkan jiraadhuuf cimsanii na gorsaa turan. Akka haadha fi abbaa siif taana jedhanii natti dhiyaataa turan; dhuguma ammoo baay’ee na gargaaran. Galata isaanii Rabbi hin balleessin. Gaafan biyyatti deebi’u gammachuu guddaatu natti dhagahame. Achitti maatii wajjin wal-arguu hin danda’un ture. Asitti ergan galee maatii koo wajjin bilbilaan haasa’een jira. Garuu maatiin keenya sababa rakkoo nageenyaa naannoo sana tureen qe'ee isaanii irraa buqqa'anii akka jiran dhagahe. Maatin kiyya buqqa’uu isaanii gaafan dhagahu baay’en yaadda’e. Ani waanan isaanif godhu hin qabu. Ani akkuman biyyaa baheen dhibee kanarra waanan bu’eef qarshiin dalagadhee erguuf hin qabu. Gaafan bilbiluuf ammoo akkatti dhufnu dhabne malee dhufnee si ilaalla naan jedhu maatiinkoo. Akka yaada isaanitti gaafan dhufee kaasanii dhufanii na ilaalu turan, garuu isaanis qarshii ittiin dhufan hin qaban.
Anis amma biyyatti yoon gale bakkan dhaqu hin qabu waan ta’eef magaaluma natti dhihoo kan akka Naqamtee fa’aa keessatti dalaguman xiqqoo hojjadhu yoo naaf uuman ykn baruumsa kiyya itti fufuun barbaada. \n\nOsoo bakka baqaa jirruu ijoollee baay’etu nu biraa dhume. Osoo gara Sa’udii deemanii rukutamanii erga nu biraa dhufanii kan du’an baay’edha. Kanaa manna gara biyyaatti deebi’uu nuuf wayya jennee dhufne. \n\nOsoon biyyaa hin bahin dura ani baruumsa baay’en jaaladha ture. Abbaan koos na jajjabeessa ture. Sadarkaa 1ffaa fi 2ffaa fa’aan baha ture. Kutaa 6 qofattan sadaffaa bahe. Kutaa torba galee ji’a tokko barannee ji’a lammaffaa irratti manni baruumsaa cufame. \n\nErgan biyya keessatti baruumsan jaaladhu barachuu hin dandeenyee biyyaa bahee hojjadhee jijjiiramuun qaba jedheen murteessee deeme. Deemsaf dallaalli qarshii kuma 15 barbaada naan jedhan. Ani ammoo qarshii kuma sadi hanga Dirree Dawaatti kan na gahu qofan fudhee bahe. Isheedhaan huccuu fa’aa bitadhee yoon achi gahu nan fixe. Somaalee yommuu geenyu qarshii akka erganiif maatii keenyatti nu bilbilchiisan. Warra qarshii hin qabne bakka tokkotti naqanii dhalaa dhiira osoo hin jenne tumu. Laga wayii keessatti nu naqanii meeshaa qabatanii nu eegu. Maatin kee qarshii hin qaban yoo ta’e, bilbila si bilbilchiisanii maatin kee akka dhagahanitti si garafu. Qarshiin hin ergamu taanan, waggaa tokko illee achi teessa malee bahuun hin jiru. Si reebanii gaafa ati laaftu karaa konkolaataa gubbaatti baasanii nama gatu. Namni yoo du’e ammoo fuudhanii gammoojjii keessatti gatu. Achiin booda maatii kiyyatti bilbileen dallaala harka waanan jiruuf qarshii akka naaf erganiif maatii koo gaafadhe.
Achiin booda maatii kiyyatti bilbileen dallaala harka waanan jiruuf qarshii akka naaf erganiif maatii koo gaafadhe. Yoosuma qarshii walitti qabanii naaf ergan. Jalqaba maatin deebi’ii naan jedhanii turan; ani garuu dideen deeme. Isaan qarshii kuma 15 naaf erginaan dallaalonni nu fuudhanii nu ka’an. Gammmoojjii keessa miilan torbee tokko guutuu deemne. Lafuma nutti dhihe bullee ganama ammoo kaanee deemsa itti fufna. Qarqara galaanatiin nu gahanii achitti nu naqanii gareen biraa booda keessanii dhufee isaan waliin fe’amtu nuun jedha. Dallaalli har’a yoo konkolaataan nyaata nuu fidee, boru ammoo deebi’ee hin fidu. Ijoolleen kaan aartee kan deebitetu jira. Kaan ammoo nu waliin deemuu dadhabanii achuma gammoojjii keessatti kan hafantu turan. Warra dallaalaa qarshii isaanii argannaan bakka barbaaddetti yoo ati duute dantaa namaa hin qaban. Isaan bakka galaanaa osoo hin gahiin birrii sassaabbatu. Achi erga geenyen booda dallaalaan bishaan irraa ammoo qarshii biraa si gaafatu. Yoo barbaadan qarshii kuma 100 fidi siin jechuu danda’u. Achi gammoojjii bakka namni hin jirre keessatti bakka itti nama hidhanii nama dararan qabu. Yoo hin qabdu ta’e reebanii gaafa laafte karaatti baasanii nama gatu. Carraa argatanii warri UN yoo arge malee kan karaa irratti dhumu hedduudha.
Waa'ee waraana humnoota mootummaafi WBO gidduu adeemaa jiruu hanga ammaa maal beekna? Mootummaan Itoophiyaa naannoo Oromiyaa keessatti qaama waraanaan isa dura dhaabbatu WBO, kan ''ABO Shanee'' jedhuun irratti duula gaggeesseen milkaahuu wayita ibsutti hidhattoonni Oromiyaa Lixaatti sochii jabaa eegaluun dhagaahameera. Mootummaan naannoo Oromiyaa humnoota federaalaa waliin qindaa'uun duula humna hidhattootaa dhabamsiisuu erga labsee ji'a lamaa ol ta'eera. Ji'a Bitootessaa darbe yaa'ii Caffee Oromiyaarratti dhimma nageenya Oromiyaarratti kan dubbatan pireezidantiin naannichaa Obbo Shimallis Abdiisaa duulli hidhattoota WBO (ABO-Shane) dhabamsiisuu akka gaggeefamu himanii ture. ''Tooftaa lolaa riphee loltootaa dura dhaabachuuf karoorri adda addaa qophaa'ee hojiitti galamaa jira, ji'oota muraasa keessatti jijiiramni guddaan akka dhufu abdii guddaa qabna.'' ''Humni dararaa uummata kanaaf hin mallee irraan gahaa jiru kun buqqa'uutu irra jiraata, ni buqqa'as'' jedhan. Duulli kun eegalamee torbanoota turan keessatti haala qabatamaa jiru ilaalchisee qondaaltota mootummaa dhimmichi isaan ilaallatu dubbisuuf yaaliin irra deddeebiin goone hin milkoofne. Haata'u malee, hoogganaa itti aanaan biiroo Bulchiinsaafi Nageenya Oromiyaa Koloneel Abbabaa Garasuu duulli gaggeefame milkaa'uu ''ABO-Shaneen sadarkaa yaaddoo biyyaa hin taanerra ga'eera'' jechuun miidiyaa biyya keessati himanii ture. Mannni Maree Nageenyaa Itoophiyaa haala nageenyaafi tasgabbii biyyattii erga qoratee booda ibsa torban darbe keessa baaseenis, ''Naannoo Oromiyaatti miseensonni 'Shanee' kumaatamaan lakkaa'aman ajjeefamaniiru,'' jedheera. Miseensota Waraana Bilisummaa Oromoo hedduu barbadeessuu, qaamolee seeraan ala socho'an seera qabsiisuufi iddoowwan hidhattootaan qabamanii turan bilisa gochuun tarkaanfii fudhachuu ibsa kana keessatti eerameera.
WBO gama isaan humnoonni isaa hedduun ajjeefamuufi lafti to'atanii turan harka mootummaatti deebi'uu kan mootumman gabaase ''soba'' jedha. Jiraattonni BBC'n naannolee WBO keessa socho'u, Wallagaa Lixaafi gidduugala Oromiyaa keessaa dubbise torbanoonni muraasni darban tasgabbii hanga ta'e qabaachuu himanii turan. Miidiyaaleen biyya keessaa injifannoo duulli mootummaa argamsiiseen dargaggoota harka kennataniifi meeshaalee to'ataman darbee darbee gabaasuun alatti waraanichi akkamiin akka gaggeefameefi bu'aa argame bal'inaan hin gabaasne. Dubbii himaan idil-addunyaa WBO Odaa Tarbii injifannoo mootummaan ibse kana ''olola beekamuudha'' jechuun fudhatama dhabsiiseera. ''Waraanni keenya bakki keessaa socho'e ni jiraata garuu sababa waraanni mootummaa nutti cimeef osoo hin taane, tarsiimoof jecha bakka humni keenya baayyinaan barbaachisutti waraana keenya sochoofne.'' Akka mootummaan jedhutti,''waggoota afur dura badneerra'' kan jedhu qondaalli kun, ''dadhabuu dhiisii naannolee amma dura keessa socho'aa hin turre Arsii Bahaattuu sochii keenya jabeessineerra,'' jedhe. Osoo duulli mootummaa irratti adeemuu waraanni isaanii, ''kora milkaa'aa'' gaggeessuus dubbatan. Kora kanaaf waraanni Oromiyaa Lixaatti socho'us, ''humni naannolee bilisa ba'an tiksu hin sochoone. Torbanuma darbe Ona Dagam keessatti waraanni ture'' jechuun lolli akka hin dhaabbanne dubbatan. 'Kaayyoon duula mootummaa karaa gurguddaafi magaalota gurguddaa keessaa akka baanu'' kan jedhu Odaan, waraanni isaanii kana hubachuun tarsiimoo isaa sirreessuu dubbate. Waraanni hidhattoota TPLF gara gidduu-gala biyyaatti yeroo dhiyaatu WBO waliigaltee raawwatame hordofee dubbiin ''WBO Finfinnee marseera to'achuuf gahumsa qaba'' jedhamee akkaan gabaasamaa ture.
Mootummaan naannoo Oromiyaas humni kun sadarkaa sanatti yaadesssaa ta'uu waakkatus, waraana TPLF waliin ture akka carraatti fayyadame akkaan babal'achuu amaneera. Waraanni hidhattootaa kun meeshaa baroota hedduu keessatti hin hidhanne argachuun gaaffii itti uumuullee Obbo Shimallis miseensota Caffeef himanii turan. Humni hidhattootaa kun Finfinnee to'achuuf akka jedhu irra deddeebiin himuun olala ture kan jedhan jiraatanis, Odaa Tarbii ''olala hin turre ammas galmi keenya Finfinnee to'achuudha,'' jedha. ''Humni furgaatuu naannoo Finfinnee keessa socho'an yerosis turani, ammas jiru. Ammas garuma sanatti deemaa jirra.'' Ji'a tokko dura gazeexxaa Bariisaatti kan dubbatan hoogganaa itti-aanaan Biiroo Bulchiinsaafi Nageenya Oromiyaa koloneel Abbabaa Garasuu “Sochiin Shanee sadarkaa biyyaaf yaaddoo hin taanerra ga’eera” jedhanii, kana jechuunis hafteen Shanee deebi’ee balaa hin qaqqabsiisu jechuu akka hin taane ibsanii turan. Uummanni qaamolee nageenyaa waliin ta'uun eeggannoo gochuu akka qabus dhaamanii turan. Oppireeshiniin eegalame hanga ''Shaneen'' guutummaatti dhabamutti akka itti fufus ibsaniiru. Tibba kana biyyoota addunyaa garaagaraa keessatti marii hawaasaa gaggeessaa kan jiran dura taa'aa itti aanaan dhaaba Kongireesii Federaalawaa Oromoo Obbo Jawaar Mohaammad biyya rakkoo hamaa keessaa baasuuf qawwee osoo hin taane mariin karaa nagaa furmaata ta'uu dubbachuun isaa miidiyaa hawaasaa gubbaatti dubbii ijoo ta'eera. Namoonni mootummaa amma jiru qeeqan waraanatu fala jedhanii amanu. WBO marii barbadus mootummaa irraa amantaa akka hin qabne hima. Hoogganaa waraana Bilisummaa Oromoo Dirribaa Kumsaa (Jaal Marroon) amma dura yaada BBCf kenneen bakka qaamni sadaffaafi walaba ta'e jirutti marii gochuuf fedha qabaatanis gaaffiin akkasii akka hin dhiyaanneef himee ture.
Hoogganaa waraana Bilisummaa Oromoo Dirribaa Kumsaa (Jaal Marroon) amma dura yaada BBCf kenneen bakka qaamni sadaffaafi walaba ta'e jirutti marii gochuuf fedha qabaatanis gaaffiin akkasii akka hin dhiyaanneef himee ture. Ministirri Muummee Abiy Kibxata miseensota Paarlaamaa waliin yeroo mariyatan, rakkoo nageenyaa biyyattii mariin furuuf fedhiin jiraahuu irra deebiin dubbataniiru. Koloneel Abbabaa Garasuus yaada ji'a tokko dura gaazexaa Bariisaaf kennan keessatti, ''Shaneen karaa nagaa qabsaa’uuf waamichi taasifamuufis miila tokko magaalaa miila biroo bosona kaa’uun ‘qabsaa’uu’ filachuun gocha farrummaa ummatarraan ga’aa jira,'' jedhanii ture. Dubbii himaan idil-addunyaa WBO Odaa Tarbii warra karaa nagaa qabsoofna jedhaniyyu akka gochaa jiru argaa jirra. Kaan hidhaa jiru kaan ni ajjeefaman, kaan humnaan biyyaa akka bahan godhamani,'' jedhanii mootummaan mariif amanamaa ta'uu isaa wanti agarsiisu hin jiruu jedhan. ''Kanaaf, daandiidhuma amma irra jiruun itti fufna. Wanti haaraan amansiisaan yoo dhufe yeros irratti dubbanna.''
Oromiyaatti omishni avokaadoo buna bakka bu'uuf jiraa? Obbo Sisaay Marshaa aanaa Ada’aa ganda qonnaan-bulaa Dhankaakaa jiraatu. Isaaniifi avokaadoon erga haalaan walbaranii reefuu waggaa sadii ta’e. “Avokaadoo kana tanaan dura waanumasaatuu baayyee wal hin beeknu. Bakkuma suuqiititti argina. Waanuma qumnagaraa gooneetis binnee hin beeknu. Ijoollumtilleen gabaa hoo deemte burtukaanafaa bitti malee avokaadoo hin bittu,” jedhan. Waggaa sadiin dura yeroo mootummaan naannoo Oromiyaa duula omisha avokaadoo kana jalqabu Obbo Sisaay qonnaan-bultoota yaadicha simatanii omishatti galan keessaa tokko tahan. Lafa Ada’aa Omishtummaa guddaa qabu kana akkamitti waan waggaatti nun qaqqabne dhaabnee qallaba maal nyaanna kan jedhu yaaddoo qonnaan bultoota hundaa akka tures yaadatu. “Dhuguma amma avokaadoon kun ganzaba nuuf ta’uu ni dandahaa laata, midhaan facaasnu waggaatti nuuf qaqqaba. Inni kunimmoo silaa hin qaqqabu maal goona? kan jedhu shakkii qonnaan bulaa hundaa ture,” jedhan Obbo Sisaay.\n\nYaanni furmaataa booda argatan garuu shakkii kana keessaa bahanii gara omishuutti akka seenaniif haala mijeessuufiis dubbatu. “Ogeessonni akki jedhan avokaadoon kun hanga guddatee lafa dhuunfatutti isa jala omisha ittuma fuftu nuun jedhan. Ani amma lafa hektaara lama irran dhaabe. Waggaa sadan kana laficha avokaadoo qofaaf hin dhiisne. Boqqoolloo, shunkurtiifi kaan jala isaatti omishaatuman jira,” jedhu Obbo Sisaay. Obbo Geetuu Birruus qonnaan bulaa aanaa Ada’aa amma omisha avokaadooo kanarratti hojjechaa jiran. Lafa hektaara tokko caalurratti omishni avokaadoo waggoota sadiif kunuunsaa turan amma firii naqatee omisha kennuurra gaheera.
Oyiruun Obbo Geetuu bishaan pirojektii jallisiitiin misoomsaa jiran kun jala isaa omisha Boqqoollootu akka gaariitti misee jira. Avokaadoon firii naqateefi omisha paappayaa gidduu gidduutti omishan waliin lafti isaanii aara galfii addaa kan namatti uumuudha. Isaan daandii daldalaa karaa mootummaatiin isaanif mijatee jiruun maasii isaaniirraa yeroo jalqabaatiif avokaadoo gara gabaa alaatti erganii omisha jalqabaa fi doolaara jalqabaa argachuuf guyyaa lakkaa’uutti jiru. Obbo Sisaayii fi Obbo Geetuun qonnaan bultoota yaadicha amananii omisha jalqaban keessaa tahanilleen kanneen yaadichatti hin amannee fi midhaan omishachuu nuuf wayya jedhan ollaa isaanii inuma jiru. “Nuti silaa mootummaan waan gaarii yoo ta’e malee waan qonnaan bulaa miidhu hin kaaroorsu jennee jalqabuma amanne. Kaan warri hin fudhanne jiru. Amma omishni keenya haala gaariirra waan jiruuf warri yaada jijjiirachaa jiranis jiru. Gaafa nuti alatti erginee waan gaarii argachuu jalqabne ammoo kaanis nu laalanii nijalqabu,” jedhan Obbo Sisaay. Lafti naannoo isaanii kuni omisha avokaadootiif mijataa waan ta’eef qonnaan bultoota deeggarsa barbaadan mootummaan qarqaaree hundi keenyaa erga tokko osoo hojjennee waliin guddannee baayyee gammannas jedhan. “Amma omisha baranaa kan jalqabaa kanarraa Avokaadoo kuntaala 140 akkan argadhu ogeessonni naaf tilmaamaniiru. Gara fuuladuraatti muka tokkorraayyuu kuntaala lama sadii ni arganna,” jedhu Obbo Geetuun. Odeeffannoon Eejjansii Tiraansformeshinii Qonnaa Itoophiyaa irraa argame akka mul’isuutti, bara 2021tti Itoophiyaan Oromiyaa qofaa irraa avokaadoo toonii 18 gara Ispeen, UAE fi Sa’udiitti ergitee jirti. Eejjansichi waggoota sadan darbanirraa kaasee naannoolee Oromiyaa, Amaaraa, Tigraayiifi Kibbaatti avokaadoo bal’inaan akka omishamuufi gabaa biyya alaatiif akka dhiyaatuuf deeggarsa garaa garaa taasisaa turuu marsariitii isaarratti ibseera.
Waggoota dhiheenyaa asi mootummaan Itoophiyaa omishaa avokaadoo dabaluufi qulqullinsaa fooyyeessuun gabaa alaatiif dhiyeessuuf hojjataa jira.\nMinisteerri Qonnaa Dhaabbata Misoomaa Israa’eel fi USID waliin ta’uun sanyiiwwan adda addaa qonnaan bultootaaf dhiyaasaa jira. Sanyiiwwan kanneen keessaa baayyee barbaadamaadha kan jedhame Has Israa’eel irraa fichisiisuun qonnaan bultoota Itoophiyaatiin omishamaa jira. MM Abiya Ahimad bara darbe wayita miseensoota Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataatiif ibsaniitti, naanawa Shawaa kan xaafii oomishuun beekamutti, amma avokaadoo omishuun jalqabuu ibsuudhaan, avokaadoon waggaan booda akka bunaatti daldala alaatiin galii argamsiisuf dandeettii akka qabu dubbate ture. Akka odeeffannoo Waldaa Omishitootaafi Ergitoota Hortikaalchaariitti, qonnaan bulaan tokko biqiltuuwwan bunaa 2,600 heektaara irra dhaabuun, omisha kuntaala 10-12 omishu danda’a. Haata’u malee heektaara tokkorra biqiltuu avokaadoo 416 dhaabuun, omisha hanga kuntaala 20 argachu ni danda’ama. Kana wal bira qabunis, Itoophiyaan galii biyya alaa buna heekitaara tokkoo irraa argattuu caalaa avokaadoon argachu ni dandeessi. Haalli qiilleensaafi lafti Itoophiyaa kuduraaleefi muduraalee garaa garaa biqilchuuf mijataadha. Odeeffannoon garaa garaa akka agarsiisaniitti Itoophiyaan biyyoota avokaadoo biqilchan kudhan keessaa jalqabaarratti argamti.\n\nQonnaan bultoonni aanaa ada’aa kunneen amma avokaadoo dhaaban qofa kunuunsuutti hin jiran. Maasaa isaniirratti wiirtuu sanyii avokaadoo qopheessuunis sanyii filatamaa diqaalomsanii baayyisaa jiru.\n\nNaannoon Oromiyaa duula omisha avokaadoo kana yeroo jalqabu sanyii filatamaa biyya Israa’el irraa galchuuni kan jalqabsiise.
Maasaa isaniirratti wiirtuu sanyii avokaadoo qopheessuunis sanyii filatamaa diqaalomsanii baayyisaa jiru.\n\nNaannoon Oromiyaa duula omisha avokaadoo kana yeroo jalqabu sanyii filatamaa biyya Israa’el irraa galchuuni kan jalqabsiise. Sanyii filatamaan kuni amma wiirtuuma biqiltuu keessatti baayifamaa waan jiruuf biyyuma keessaa qonnaan bulaaf dhihaachaa jira jedhan Hogganaa itti aanaan Biiroo Qonnaa Oromiyaa Obbo Mohaamad Saanii. Duula Avokaadoo omishuu waggoota sadan darban keessatti hojjetameenis naannichati hanga ammaa lafa hektaara 6,129 ta’u irratti Avokaadoon dhaabameera. Bara darbe naannichi Aanaa Lumee irraaa omisha jalqabaa gara biyya alaatti erguun akka jalqabames himu Obbo Mohaammad. “Bara darbe hamma muraasa gabaa alaatiif ergine. Bara kanammoo omisha avokaadoo toonii kuma tokkotti siqu gabaa alaatiif ni ergina jennee qophaa’aa jirra. Waggoota kudhan dhufanitti Oromiyaan avokaaadoo toonii kuma 200 erguuf hojjetamaa jira,” jedhan. Omisha avokaadoo qofaarraayis waaggoota kudhan dhufanitti Oromiyaan sharafa alaa doolaara miiliyoonaa 200 tahu argachuufis abdatameera jedhan Obbo Mohaammad. Gama mootummaatiin ogeessotaa qonnaa qonnaan bultoota deeggaran ramaduun alatti sanyii filatamaa qonnaan bultootaaf tolaan dhiheessaa jiraachuus himan.
Qondaaltota nageenyaa naannoo Amaaraa dabalatee hedduun hidhamuu Manni Maree Nageenyaa ibse Manni Maree Nageenyaa Itoophiyaa ibsa Roobii kaleessaa, Waxabajjii 08, 2022 baase keessatti, miseensota jaarmiyaalee nageenyaa naannoo Amaaraa ''ganan'' jedhaman dabalatee namoota dhuunfaa yakkoota garaagaraa keessatti hirmaataniiru jechuun shakke hedduu to'annoo seeraa jala oolchuu eere. Naannoo Amaaraatti torbee darbe keessa tarkaanfii ''seera kabachiisuu'' jedhuun ''meeshaalee waraanaa bittinnaa'anii yaaddoo nageenyaa ta'aa turan walitti qabuu akkasumas rogeeyyii gocha seeraan alaarratti bobba'anii hojjetan seera qabsiisuu'' irratti hojiin hojjetamaa akka ture ibse manni maree kun. Mootummaan Federaalaa fi naannoo Amaaraa duulaa meeshaalee waraanaa galmeessisuu wayita gaggeessaa turanitti shakkamtoonni 4000 caalan to'atamuus ibseera manni marechaa. Mootummaan tarkaanfii kanaan ''Duula seera kabachiisu'' jedha, garuu tarkaanfiin kun ogeeyyii miidiyaa, quuqamtoota mirga namoomaa fi garee 'Faannoo' jedhamu irratti kan qiyyaafate jechuun kanneen qeeqan jiru. Ibsi mana maree kanaa maqaa hidhattoota Faannoo ifatti eeruu baatus, garuu qaamolee nageenyaa mootummaan ala qaamni kamuu akka fedhe hidhatee socho'uu akka hin dandeenye akeekkachiiseera. ''Biyya kana keessatti humna nageenyaa qabaachuu fi fayyadamuu kan danda'u mootummaa qofa. Lammiileen wayita nageenyaa misooma keessatti hirmaachuu, wayita waraanaa ammoo falmattoota ta'uun duruu kan turedha. Kana jechuun biyyi yoo weeraramtu hunduu biyyasaaf falma jechuudha. Biyyi wayita nagaa taatu ammoo hunduu dibaabee seeraa jalatti dacha'a,'' jedha ibsi kun. Mannni Maree Nageenyaa Itoophiyaa haala nageenyaa fi tasgabbii biyyattii erga qoratee booda ibsa kaleessa baaseen, naannolee Oromiyaa fi Beenishaangul Gumuz keessattis tarkaanfiin olaantummaa seeraa kabachiisuu fudhatamuu ibseera.
Akka ibsa kanaatti ''Naannoo Oromiyaatti miseensonni 'Shanee' kumaatamaan lakkaa'aman ajjeefamaniiru.'' Mootummaan 'Shanee' jechuun kan waamu miseensota Waraana Bilisummaa Oromoo hedduu barbadeessuu, qaamolee seeraan ala socho'an seera qabsiisuu fi iddoowwan hidhattootaan qabamanii turan bilisa gochuun tarkaanfii fudhachuu ibsa kana keessatti eerameera. Akkasumas caasaalee mootummaa irratti sakatta'iinsa raawwachuun tarkaanfii ''bu'a qabeessa'' fudhachuu ibseera. Garee mootummaan ''Shanee'' jedhee waamuu fi inni ammoo Waraana Bilisummaa Oromoo jedhee of waamuu fi mootummaa gidduutti waraana gaggeeffamaa turerratti, mootummaan diroonii wayita fayyadamu lammiilee nagaan miidhamuu paartileen siyaasaa morkattootaa ibsaa turan. Naannoo Beenishaangul Gumuzitti, ''Shiftoota hidhatan barbadeessuun tarkaanfiin olaantummaa seeraa kabachiisuu bu'a qabeessa ta'e fudhatameera,'' jedha ibsi mana maree nageenyaa kun. Naannochatti meeshaalee waraanaa seeraan alaa walitti qabuu fi namoota qe'eesaaniirraa buqqa'an deebisuurratti tarkaanfiin bu'a qabeessa ta'e fudhatameeras jedhe ibsi kun. Mootummaa naannoo Beenishaangul Gumuz fi hidhattoota naannocha keessa socho'an- Sosochii Dimokiraatawaa Saba Gumuz gidduutti nageenya waaraa mirkaneessuuf tattaaffiin yeroo garaagaraatti taasifamaa ture hin milkoofne. Guyyoota muraasa dura dhukaasa garee kanaa fi humna addaa naannochaa gidduutti dhalateen Bulchaa Aanaa Mizhgaa dabalatee lubbuun namoota 19 darbeera. Gama kaaniin gochaan badii gareen al-Shabaab daangaa naannolee Somaalee fi Oromiyaatti raawwachuuf turan qindoomina humnoota nageenyaan fashalaa'uu Manni Maree Nageenyaa kun ibseera. Nananolee Kibbaa fi Gambeelaattis hidhattoota badii garaagaraa raawwataa turan adamsuun seeraan to'achuu akkasumas sochii kontirobaandii to'achuu fi walitti bu'iinsa saboota gidduutti uumamaa turan furuu irratti hojjetameera jedha ibsi kun.
Nananolee Kibbaa fi Gambeelaattis hidhattoota badii garaagaraa raawwataa turan adamsuun seeraan to'achuu akkasumas sochii kontirobaandii to'achuu fi walitti bu'iinsa saboota gidduutti uumamaa turan furuu irratti hojjetameera jedha ibsi kun.
Qabxiin kun qabxii gad-aanaa Olompiika Tookiyoorratti argamee kan kiise ture.
Federeeshinii Kubbaa Miilaa Itoophiyaa: 'Masriin baasii keessan danda'ee Kaayirootti haa taphannu nuun jettee turte' Tapha Gareen Kubbaa Miilaa Itoophiyaa gulaallii Waancaa Afrikaaf taasisuun gidduu kana gareewwan Maalaawwiifi Masrii dirreen ala morkata. Waancaa Afrikaa bara 2023 Kotidivu'aaritti taasifamuuf Waaliyaawwwan Masrii, Giiniifi Maalaawwii waliin ramadamaniiru. Gareen kuni morkii kanaaf gara Maalaawwii imaleera. Xiinxaltoonni ramaddii kana keessaa Itoophiyaaf tilmaama gad-aanu kennaniis leenjisaa Wubatuu Abaataafi taphattoonni garuu kana fashaleessuuf yaada qabu. Konfedereeshiniin Kubbaa Miilaa Afrikaa dirreewwan Itoophiyaan qabdu gulaallii Waancaa Afrikaaf taasisuuf ga'umsa hin qaban waan jedheef ture jarri Waaliyaa dirree ormaarratti kan taphatan. Taphi jalqabaa taasisan Maalaawwii waliini. Leenjisaan garee kubbaa miilaa Itoophiyaa Wubatuu Abaata ''Fara'oonota osoo dirree keenyarratti morkanne nan gammada ture,'' jechuun yaada kennaniiru. Jarri Waaliyaa Caamsaa 16 eegalee taphoota gulaalliif qophii taasisaa turaniiru. Leenjisaan garichaa tapha michummaa garee Leseetoo waliin Finfinnee erga taasisan booda taphattoota 23 filataniiru. Taphattoota leenjisaa Wubatuun filatan keessa jifataan garee Itoophiyaa Getaanah Kabbada hin jiru. Pirimiyeer Liigii Itoophiyaa baranaa taphataa biraa waliin galchii hedduun kan dursaa jiru Getaanah leenjisaa waliin walitti bu'iinsa uumameen akka hin filatamne Wubatuun ibsaniiru. Getaanah waan hin jirreef bakka isaa Shimallis Baqqalaan dursaa taphattootaa ta'un garee kana ni hooggana. Getaanah jiraachuu dhabuun isaa Abubabak Naasir bakka lakkoofsa 9 akka taphatu carraa uumuufi mala. Shimallis gara Maalaawwi adeemuu dura miidiyaa biyya keessaa Sookar Itoophiyaa waliin turtii taasiseen taphoota lamarraa yoo xiqqaate qabxii afur fiduuf akka taphatan dubbate.
Wubatuun akkaatuma baratame taphattoota isaanii 4-3-3'n hiriirsuun akka morkatan eegama. Gareen kubbaa miilaa Maalaawwii waancaa Afrikaa darbeerratti ramaddii isaaniirraa darbuu danda'aniiru. Garuu, Morokoon injifatamanii biyyatti deebi'an. Sadarkaa kubbaa miilaa FIFA'n baatii Bitootessa keessa baasen Maalaawwiin addunyaarraa 120ffaa teesseetti. Itoophiyaan immoo 140ffaa ka'amte. Gareen Maalaawwii gara caalu taphattoota biyya keessa taphatan akkasumas kilaboota Afrikaa biroofi Awurooppaa taphatan of keessaa qaba. Awurooppaatti kan taphatan keessaa taphataan Chaarlis Petroo kilaba Moldovaaf ni taphata. Taphni Itoophiyaafi Maalaawwii Dilbata A.L.I Caamsaa 26/ 2014 guyyaa keessaa sa'aatii 10:00 irratti Isteediyeemii Biyyaalessaa Binguutti taphatama. Mohaammad Saalah Fara'oonotatti makamuuf gara Masrii imaleera. Garee kana dursaa taphattootaa ta'uunis tajaajila. Ramaddii kana keessaa ni darbu jedhamee kan tilmaamameef taphattoonni Masrii tapha isaanii jalqabaa Dilbata halkan sa'aatii 4:00'tti Giinii simachuun taphatu. Karra eegaa Mohaammad El-Shenaawwiin dabalatee taphattoonni kilaba Al-Ahlii garee biyyaaleessaa kana keessa jiru. Taphataan Arsenaal Mohaammad Elnaniis filameera. Waancaa Addunyaaf darbuu kan hanqatte Masrin leenjisaa haaraa muuddeetti. Kaayyoon ijoo Ihaab Gaalaal ijoos biyyattii Waancaa Afrikaaf dabarsuu akka ta'e ibsaniiru. Masriin Giinii waliin erga taphattee booda Itoophiyaatiin achuma biyya Maalaawwiitti A.L.I Waxabajjii 2, 2014 galgala sa'aatii 1:00'tti morkatti. Federeeshiniin Kubbaa Miilaa Itoophiyaa tapha Masrii waliin taasisan Maalaawwiitti akka taasifamu kan murteesse ''baasiif jecha'' ta'u Obbo Baahiruun ibsaniiru.
Federeeshiniin Kubbaa Miilaa Itoophiyaa tapha Masrii waliin taasisan Maalaawwiitti akka taasifamu kan murteesse ''baasiif jecha'' ta'u Obbo Baahiruun ibsaniiru. Obbo Baahiruun ibsa miidiyaaleef leenjisaa waliin kennaniin ture kana kan dubbatan. Dabaluunis, jarri Waaliyaa Maalaawwii waliin erga taphatanii booda achuma turanii akka bayyanatan yaadamee ta'uu ibsan. ''Dirree Maalaawwii irratti Masrii waliin walfamuuf yoo xiqqaatee dolaara kuma 50 nu barbaachisa,'' jedhaniiru qondaalli kuni. Akkasumas, ''Federeeshiniin Kubbaa Miilaa Masrii baasii keessan dandeenyee taphni Kaayiroo haa ta'u,'' jedhee akka gaafateen ifa godhaniiru. Ta'us, kuni ''kabaja tuquudha jenneen hin fudhannu jenne,'' jechuun dubbatan. Gulaalliin marsaa duraa Waancaa Afrikaa torban dhufu erga xumurame booda marsaan lammataa baatii Fulbaana dhufu taasifama. Fulbaana irratti Itoophiyaan Giinii waliin tapha dhaqaa gala taasisti.
Manni amantaa Ortodoksii Itoophiyaa gahee araarsuu bahuuf gaafatte Manni amantaa Tawaahido Ortodoksii Itoophiyaa qaamooleen waraana kaaba biyyattii keessatti hirmaatan, garaagarummaa isaanii mariidhaan akka furan gochuuf gahee jaarsummaa bahuuf gaaffii dhiyeessuu beeksifte. Qulqulluun sinoodosii torbanoota lamaan darbaniif erga yaa’ii gaggeessaa ture xumureen booda ibsa baasee irratti, murteewwan ‘‘mana amantaa fi biyyaaf ni tola’’ jedhan dabarsuu beeksise. Ibsa qulqullu sinidoosichaa kan dubbisan Bitsuh Abuna Maatiiyaas, waraana wal walii Itoophiyaa karaa mariitiin furuuf bataskaanitiin gahee jaarsummaa bahuuf mootummaa federaalaatiif gaaffii dhiyeessuu dubbataniitu. Bitsu’i qulqulluu Abuna Maatiiyaas, ‘‘waraanniifi wal waliitti bu’uun hafee, haala nagaa guutuun itti deebi’u irratti waliin dubbatanii rakkoolee jiran yeroo dhumaatiif akka furan gochuuf bataskaanni keenya gahee araarsuu akka bahu dandeessu gochuuf mootummaa federaalaatiif gaaffiin akka dhiyaatu ta’eera,’’ jedhan. Kana malees, xumura yaa’ichaa irratti dureewwan amantichaa naannoo Tigraayitti argamanis tokkummaa biyyaafi nageenyaaf waliin akka hojjataniif waamicha taasisaniiru. Bataskaanni Ortodoksii naannoo Tigraayitti argaman baatiiwwan muraasaan dura sinidoosiin jidduugalaa tibba waraanaatti nu waliin hin dhaabbanne jechuun, adda bahuun mana amantaa qofaasaanii hundeeffachuu beeksiisuun ni yaadatama. Akkasumas sababii rakkoo nageenyaa biyyattiitti umameetiin badii lubbuu namootaa qaqqabeefi gubannaa bataskaanootaa, ajjeechaa miseensootaafi hoggantoota amantichaa irra qaqqabee ture irratti xiyyeeffachuun marii taasisuu kan ibse yoo ta’u, rakkoon kun furmaata akka argatuuf qaamoolee mootummaa dhimmisaa ilaallatutti akka dhiyaatuuf murteesseera. Yaa’iin Sinodoosii Qulqulluu dhiheenya kanatti ijoo dubbii kan ta’e waa’ee dhimma lafa kana qophiilee ilaalchisuunis kaasuu irratti erga mari’ateen booda, ‘‘balleessitoonni seeratti akka dhiyaatan, gara fuuladuraattis gama motummaattiin eegumsi barbaachisu akka taasifamu’’ gaafateera.
Yaa’iin Sinodoosii Qulqulluu dhiheenya kanatti ijoo dubbii kan ta’e waa’ee dhimma lafa kana qophiilee ilaalchisuunis kaasuu irratti erga mari’ateen booda, ‘‘balleessitoonni seeratti akka dhiyaatan, gara fuuladuraattis gama motummaattiin eegumsi barbaachisu akka taasifamu’’ gaafateera. Bataskaana Tawaahidoo Ortodoksii Itoophiyaa keessatti qaama guddaa kan ta’e Sindoosiin waggaatti yeroo lama walgahiisaa gaggeessa.
Heerri mootummaa Ertiraa maaliif hojii malee waggoota 25'f ture? Qabsoon hidhannoo Ertiraatti waggoota 30'f gaggeeffamaa ture Caamsaa 1991tti olaantummaa loltoota bilisummaa Dargii waliin wal lolaa turaniin xumurame. Ittaansees waggaa lamaan booda Ertiraan rifarandamiin miseensa Biyyoota Gamtoomanii ta'uuf gaggeessite deeggarsa ummata %99.8 argate. Akkasumas duula dheeraa waggaa sadii kan ummanni bal'aa hirmaachiseetiin, Ertiraan Caamsaa 23, 1997tti heera mootummaa ragaasifte. Haata'u malee, waggoota 25'f heerri motummaa raggaasifame kuni saanduqa pirezidantii biyyattiitti itti cufamee taa'eera. Kanaanis, biyyattiitti filannoo biyyaaleessaa gonkumaa gaggeeffamee hin beeku; seerriifi sirni haqaa kallattii barbaadamu qofaan akka adeemu ta'e. Kana malees, Ertiraan UN fi dhaabbile idil-addunyaatiin sarbama mirgoota namoomaa cimaan himatamu itti fufte. Waggaa waggaanis dargaggoonni kumaatama hedduun lakkaa'aman biyyattii baqachuuf dirqaman. BBC Tigrinyaa dura taa'aa komishinii heera motummaa Ertiraa duraanii, Dr Berakat Haabtasillaasee fi miseensa komishinichaa kan turan biraa lama, Balaayinash Arayaa fi Paawuloos Tasfaagoorgiis dubbiseera. Kaayyoon qabsoo hidhannoo bara dheeraaf gaggeeffame inni duraa heera mootummaa, walqixxumaa fi sirna dimokiraasii ijaaruuf ture. Battaluma bu'aan riifarandamichaa ifa ta'eettis, xiyyeeffannaan biyyaa gara heera mootummaa wixinneessuutti deebii'e. Dr Barakat Haabtasilaasees sababii lamaaf akka Komishinii heera mootummaa sana hoggananiif filataman. Tokkoffaa, heerri mootummaafi heera mootummaa qopheessuun damee ogummaa isaaniiti. Inni lammaffaan ammoo sababii hidhata EPLF, gartuu Asmaraa bilisoomse waliin qabaataa turaniifidha.
Haaluma kanaanis Dr Bereket Haabtasillaasee bara 1993 keessa (karaa Hagoos Gabrahiyoot, US'tti ergamaa US yeroo sanaatiin) ergaan telegiraamii Pirezidaanti Isaayaas Afawarqee irraa qaqabe. Ergicha keessatti Pirezidaant Isaayaas Dr Barakat akka Komishinii Heera Mootummaa hoggananiif gaafatan. Haata'u malee Dr Barakat sababii dhimma maatiif jecha gaaffii kana dida. Tibba qabsoo hidhannootti hojiidhuma EPLF raawwachuuf jecha baroota dheeraaf maatiirraa adda bahuun turan. Pirezidaantichi garuu irra deddebiin gaafatan. Hiriyoonniifi waahillan qabsoos hojicha akka tole jedhaniif kadhatan. Wayita gara Finfinnee imaleettis, dhimmicharratti Isaayyaas waliin fuulaa fuulatti mari'achuuf carraa argatee ture. Achinis waa'ee dirqama komishinicha hogganuuf isarra kaa'ameefi hojii inni raawwatuuf deeggarsa maallaqaa Isaayaas isaaf kanfaluuf waadaa seenee irratti waliin mari'atan. Paarlaamaan Ertiraas kutannoo sirna dimokraasitiif qabu karaa labsii 37/1993tiin seeraan mirkaneesse. Komishiniin Heera Mootummaas Labsii lakkoofsa 55/1994 kana gaazeexota biiyyattii irratti maxxanfame jalatti hundeeffame. Komishinichis miseensoota 50, kanneen 22 isaanii dubartoota ta'an qaba ture. Ebla 1994 keessaa, Komishinichi simpoziyeemii qopheessuun hojii wixinee heera motummaa ifatti eegalu beeksiise. Simpoziyeemicharrattis hayyuuleen Ertiraa kabajamoon, eksipartoonni biyya alaa, bakka buutoonni imbaasiiwwan alaa irratti qooda fudhataniiru. Yeroo sanattis, heera motummaa qabaachuun akka barbaachisaa ta'u ilaalchisuun Pirezidant Isaayyaas haasaa dheeraa taasisanii ture. Barbaachisummaa adeemsa wixineessuu heera mootummaa cimsuufi hirmaannaa ummataa mirkaneessuuf, Ertiraafi alaatti koreewwan adda addaa hundeeffamanii ture.
Seerri biiyyattiifi shariyaa qoratamaniiru; muxannoon biyyoota biraa ilaalamee; garaa garummaa sirnoota bulchiinsa adda addaa jidduu jiru ibsuuf seminaaronni gaggeeffamaniiru. Balaayinash Araayaa, miseensa Komishichaa kan turte,''Erga heerri mootummaa barraa'een booda, Komishinichi marii dabalataatiif wixinicha ummataaf dhiyeesse. ''Dhumarattis, Heerri Mootummaa Ertiraa Caamsaa 23, 1997 paarlaamaan raggaasifame,'' jetti. Heerri Mootummaa Ertiraa kunis raggaasifamee waggaa tokkoon booda hojiirra akka oolfamu eegamaa ture. Garuu akka tasaa waraanni daangaa Ertiraafi Itoophiyaa jidduutti Waxabajjii 1998'tti eegale. Waraanni hamaan kunis bara 2000 xumurame. ''Qondaaltoo mootummaa olaanoo muraasnis yaada Ruwaandaa/US wal dhabdichi karaa mariitiin akka furamu jedhu Ertiraan fudhachu qabdi jedhanii ture. ''Haata'u malee Pirezidaanti Isaayaas Afawarqiin yaadicha diduu,'' Miseensi Komishinii Heera Motummaa duraanii kan biraa Paawuloos Tasfaagoorgiis dubbatu. Waraana cimaan waggoota lamaaf gaggeeffameenis badii olaanaafi buqqaatii namoota hedduu qaqabsiisee ture. Qondaaltoonni mootummaa muraasnis waraanicha haalaan hin gaggeessine jechuun pirezidaanticha qeeqan. Sababii kanaanis jidduusaaniitti qoodinsi uumame. Dhumarattis waraanichi Waliigaltee Aljeersiin dhuma argate. Innis waliigaltee seeraa Ertiraafi Itoophiyaa jidduutti nagaa buuse ture. Waliigaltichis Muddee 12, 2000tti Aljarsi-Aljeeriyaatti mallattaa'e. Humnootiin nagaa eegdota Motummoota Gamtoomanis daangaa irratti bobbaafamani. Qondaaltonni mootummaa jijjirama barbaadan muraasnis, ministirootaafi jeneraalota dabalatee, heerri mootummaa hojiirra akka oolfamuuf gaafatan.
Pirezidaanti Isaayyaas garuu waamicha akkasi taasisuuf yeroosaa miti jechuun didan. Kanaafu, gareewwan lamaan; pirezidaantichaa fi deeggartoota isaafi kanneen jijjiramaaf gaaffii dhiyeessan, jidduutti mormiin cime. Miseensoonni garee jijjiramaaf gaafatu 15 (kan G-15 jedhamanii) Pirezidantiin hojiisaa raawwachu hin dandeenye jechuun himatan. Fakkeenyaaf, walgahii koree jidduu galaa idilee fi gubii biyyaaleessaa hin gaggeessine jechuun himatan. Garichis xalayaawwan ifatti miseensoota Adda Dimokiraasiif Haqa Ummataa (People's Front for Democracy and Justice- PFDJ) fi ummatatti barreessaa turan. Kanaan boodas battalumatti, gaazexootaaf gaaffiifi deebii kennuu eegalan. Wal dhabdeenis cimaa adeemee. ''Haata'u malee, Isaayaas Afawarqee kan dura qabsaa'aa bilisummaa ture, dhimmicha bal'isuun ilaaluu hin dandeenye. ''Sababii mul'ata dhabuurraa ka'eetiin erga yeroo sanaatii kaasee Ertiraan booddeetti deebi'uu eegalte,'' jedhan Dr Barakati. Wanti eegamaa ture kamuu gonkumaa akka hin guutamne dubbatu. Balaayinash Arayaa, miseensoonni duraan Isaayaas waliin waggoota 30f waraanaa turan miseensota pireessi odeessaalee sana qilleensa irra oolchan dabalate, heerri mootummaa hojiirra akka oolfamuuf gaafachuu isaanitiif, hundisaanii mana hidhaa buufaman agartee nahu dubbatti. Balaayinash carraawwan haala malee dabarfaman yaaduudhaanis, silaa Ertiraan filannoowwan afur gaggeessuun heerri mootummaas hojiirra oolu danda'a ture jetti. ''Ertiraan osoo waadaa heera mootummaa hojiirra oolchuu kabajjee turte ta'e, silaa dargaggoota sihee biyyaa baqataa jiran oolchuu ni dandeessi turte, biyyoota ollaa waliinis nagaan jiraatti turte'' jetti. akkasumas badhaadhuunis.
Ilaalcha Motummaan Ertiraa Heera Mootummaatiif qabu Gorsaan pirezidaanti Isaayyaas, Obbo Yemaana Gabra'aab fi qondaaltonni mootummaa kaan, akka waan duudhaafi naamusa heera motummaa sanaan hogganamaa jiraniitti dubbatu. Fakkeenyaaf, feesitivaala bara 2013 Atilaantaatti gaggeeffamee irratti, gorsaan pirezidaantii kun heerri mootummaa yoom akka hojiirra oolfamu gaafatamanii ture. Isaaniis Ertiraan chaartariidhuma heera motummaatiin hogganamaa akka jirtu himuun deebii kennan. Dabaluunis, yeroo haalawwan tasgabaa'aniitti filannoon biyyaaleessaa akka gaggeeffamus himanii ture. Kanneen baayyeen ibsa qondaaltota mootummaatiin kenname dhagahanis dhuguma heerri mootummaa sun kan guyyaa tokkichatti hojiirra ni oolfama jechuun abdatanii ture. Garuu ammoo yeroon adeemaa akkuma itti fufeen hojiirra oolmaan heerichaa baayyee xiqqaa ta'usaa baayyee amansiise. Amajjii 2013 keessa, warraaqsi 'the Forto Rebellion' jedhamuun beekamuufi Koloneel Alii Hijaayiin hogganame mootummaa irratti qabsaa'u eegale. Koloneelichiifi deeggartoonni isaas heerri mootummaa hojiirra akka oolfamuufi hidhamtoonni siyaasaa akka gadhiifamaniif gaafatan. Hogganaan ribee lolaa sunis loltoota motummaatiin marfamnaan ofiin of ajjeesse. Taatee kanaan duraafi boodas, haala motummaan ittiin deemaa jiruu, hojiirra oolmaa heerichaafi hidhamtoonni akka gadhiifaman dabalatee, lammiileen Ertiraa biyya alaatti argaman, mormiisaanii dhageessisaaa turan. Pirezidaantichi yeroo Al-Jaazeeraan biyyattiin yoom akka filannnoo gaggeessitu gaafatamanii turaniitti, akkana jedhan. Aariidhaan 'tarii waggoota 30-40 booda; tarii isaan booda' jedhan. Deebiin isaanii kunis heerri motummaa yoomu hojiirra akka hin oolfamen kan ibse ture. ''Pirezidaantichi sababii dogongorawwan irra dedebiin raawwatanitiif- dogongora silaa mana murti isaan dhaabuu danda'an- heera mootummaatiif xiyyeeffannaa homaatu hin kennan.
''Pirezidaantichi sababii dogongorawwan irra dedebiin raawwatanitiif- dogongora silaa mana murti isaan dhaabuu danda'an- heera mootummaatiif xiyyeeffannaa homaatu hin kennan. ''Heerri motummaa silaa jalqaba akka inni aangoorra bu'an irratti xiyyeefata ture,'' jedhan Paawuloos. Dr Barakat ammoo qaamoleen hawaasaa heerri mootummaa sun akka isaan bakka hin buune dubbatan akka jiran himu. Komiin isaaniis heerichi yeroo wixineeffamuutti keessa qooda hin fudhanneedha. Itti dabaluunis, kanneen biraa heerri mootummaa haala pirezidaantichaaf aangoo baayyee kennuun wixineeffame kan jedhanis jiraachuu dubbatu. Akkasumas kanneen sababii dhimmoonni lafaafi afaanii sirriin deebii hin arganneefuu irra deebiin ilaalamuu akka qabu kan kaasaniis jiruu jedhu. ''Komiin yeroo heerri motummaa sun wixinneeffamuutti adeemsicha keessatti qooda hin fudhanne jedhu kan fudhatama qabuudha,'' jedhu Dr Barakat. ''Nutis dirqama hamlee heera motummaa sana fooyyessuu, dabaluufi haaroomsuu qabna,'' jedhu. ''Heera mootummaa qabaachuu dhabuun rakkoo akka qabu beekamaadha,'' jedhu Paawuloos. Itti dabaluunis abbaan irrummaa amma argaa jirruus bu'aa heera motummaa qabaachu dhabuu sanaati,'' jedhan. ''Abbootiin irree seerota cabsuufi malawwan isaan itti gaafatamoo taasisan balleessuun aangoorra turu. ''Kan Ertiraa keessatti ta'aa jiruus isuma kana,'' jechuun ibsan. Haata'u malee, tokkicha ummanni aangoo qabannaan dhumni abbootii irree badaa ta'us himan. Dr Barakat warraaqsa aangoo bara 2011 (Spring Revolution) akka fakkeenyaatti kaasu. ''Ummanni tokkicha miilasaatiin dhaabbatee ni gaha jennaan kan isaan dhaabu hin jiraatu,'' jedhan.
Fayyaa: Maareen-jaldeessaan Itoophiyaaf hangam yaaddoodhaa? Maareen-jaldeessaa ykn 'monkeyfox' yoo xiqqaate biyyoota 13 keessatti namoota 90 ol irratti argamuu isaa Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa (WHO) mirkaneesseera. Dhibeen kun ballinaan kan mul'ate biyyoota Ameerikaafi Awurooppaa keessattidha. Wal tuttuquun kan daddarbu maareen-jaldeessaa kun COVID-19 waliin wal bira qabamee yeroo ilaalamu saffisa inni ittiin tatamsa'u gadi aanaa ta'ullee biyyoonni akka Yunaayitid Kingidam "waan callisnee ilaallu miti" jechuudhaan xiyyeeffannoo addaatiin hojjechaa jiru. Inistitiyuutii Fayyaa Hawaasaa Itoophiyaatti Daarektarri Hordoffiifi Deebii Kennuu Obbo Masfin Wosan maareen-jaldeessa ykn 'monkeyfox' Itoophiyaa keessatti mul'achuudhaaf "carraa guddaa qaba jenneetu yaadna" jechuun BBCtti himaniiru. Daarektarichi humni weerara dhibee kanaafi karaa inni ittiin tatamsa'u dhibeen kun hangam yaaddessaa akka ta'u akka murteessu ibsu. "Dhukkuboonni biyyoota baayyee waliin gahan yeroo hedduu dhukkuboota salphaatti namarraa namatti darbanidha," kan jedhan Obbo Masfin sadarkaa olaanaan ammoo kanneen tuttuqqaan daddarban ta'uu eeraniiru. Dhukkuboonni tuttuqqaadhaan daddarban carraa isaan saffisaan ittiin tatamsa'an gadi aanaadha. "Sana jechuun ammoo biyyaa gara biyyaatti hin daddarban jechuu miti." Asirratti maareen-jaldeessaa tuttuqqaatiin akka darbu quba qabaadhaa. Daarektarichi dhibeen kun hanga ammaatti Itoophiyaa keessatti akka hin mul'atiin ibsaniiru. Itoophiyaatti seenaa keessattiyyu namni maaree-jaldeessaan qabamee galmaa'ee hin beeku. Haata'u malee, namni kamiyyu biyyoota dhukkubni kun keessatti argame keessaa ka'u Maaree-jaldeessaa "salphaatti" qabatee gara Itoophiyaa seenuu akka danda'u dubbatu Obbo Masfin.
"Haalli Itoophiyaa biyyoota Afirikaa irraa gara Awurooppaatti, akkasumas Awurooppaa irraa ammoo gara biyyoota Afrikaatti tiraanziitiin hedduufi sochiin namootaa guddaan waan jiruuf [mul'achuudhaa] carraa guddaa qaba... Hanguma biyyoota birootiifis yaaddoo ta'u biyya keenyaafis yaaddoo waan ta'eef, nutis sochii taasisaa kan jirru biyya keenyaaf yaaddoodha jenneeti," jedhan. Dhukkubni kun akka biyya hin seenneef maal gochaa jirtu? Yoo gale ammoo hangam qophii qabdu? Gaaffileen jedhan Obbo Masifiiniin BBCn gaafatee, "hanga danda'ame" akka biyya hin seenneef hojjechaa jirra jechuun deebii kennan. Bowwuu mataafi ho'a qaamaa 35.5 digirii sentiigiredii ol ta'e mallattoo maaree-jaldeessaa keessatti hammatama. Ka'umsa kanaan, karrawwan idil-adunyaa biyyattii karaa lafaafi qilleensaan hojiin ho'a qaamaa safaruu hojjetamaa jira jedhaniiru. Namoonni ho'a qaamaa hanga barameen ol qaban gara wiirtuu kaayyoodhuma kanaaf qophaa'eetti geeffamanii qorannoowwan dabalataa akka irratti taasifamu kan kaasan itti-gaafatamaan kun, ogeessotaaf leenjiin kennamaafi "pirootookooliin deebii kennuu" qophaa'aa jira jedhaniiru. "Yoo seeneef jedhamee" galtee barbaachisan guuttachuufi dandeettii cimsachuuf wantonni raawwatamaa jiran akka jiran Obbo Masfin dubbataniiru. Naannolee hunda keessatti garee dhukkuba kana to'atu hundeessuu, sirnoota namoota qabaman hordofuu dandeessisan cimsachuu, garee saffisaan deebii kennu ijaaruufi "dandeettii cimsachuurratti" akka hojjetan gara naannoleetti erguuf Dhaabbata Fayyaa Addunyaa dabalatee michoota biroo waliin hojjechaa jirra jechuun ibsaniiru. Qorannoo karaa ba'aafi galaa irratti taasifamuun hanga ammaatti maaree-jaldeessaa waliin walqabsiisee hanga ammaatti wanti yaaddessaa ta'e akka hin uumamiinis eeraniiru. Maareen Jaldeessaa kun maalidhaa? Dhukkubni kun kan dhufu vaayirasii monkeypox jedhaurraati. Vaayirasii dhibee Maaree/Maaritee (smallpox) jedhamuuf nama saaxilu waliin gosti isaa walitti dhiyaata. Vaayirasiin Maareen Jaldeessaa kun Maaree waliin wal bira qabamee yeroo ilaalamutti saffisa inni ittiin tatamsa'u gadi aanaa ta'uun alatti dhukkubbiin isaa cimaa miti.
Dhibeen Maaree Jaldeessaa kun kanaan dura baadiyaa Giddu-galeessaafi Lixa Afrikaa keessatti baayyinaan mul'ata ture. Keessattuu ammoo bakka bosonawwan gurguddaan (rainforest) itti argamanitti mudata. Vaayirasiin kun gosa lama kan qabu yoo ta'u, tokkoffaan kan Giddu-galeessa Afrikaa yoo ta'u; lamaffaan ammoo kan kan Afirikaa Lixaa kan jedhamudha. Namoonni lamaan UK keessatti dhibeen kun irratti argame Naajeeriyaa irraa warra deemanidha jedhameera. Kanaaf, vaayirasiin isaan irratti argame kun carraa vaayirasii Afrikaa Lixaa inni ta'uu malu bal'aadha jechuudha. Vaayirasiin kun dhukkuba cimaatiif kan saaxilu miti. Namoota vaayirasiin kun irratti mul'achuun mirkanaa'e waliin namoonni walitti dhufeenya qabaatanis hin hubatamne. Namoonni kanaan dura gara biyya kamiittiyyu hin imaliin warra dhukkubsatan keessatti ni argamu. Namoonni dhibaman kunneen erga vaayirsichi UK keessa tatamsa'een booda kan qabaman ta'u jedhamee tilmaamama. Mallattoowwan isaa maalfaadha? Namoonni Maaree Jaldeessaa kanaan qabaman jalqaba irratti gubaa qaamaa, bowwuu mataa, dhukkubbii maashaa, dhukkubbii dugdaa, qaama irratti bakka bakkatti dhidhiita'uufi wanta kamirrattiyyu fedhii dhabuutu irratti mul'ata. Gubaan qaamaa yeroo irraa hir'isu ammoo fuula irraa jalqabee hooksisuu jalqaba. Guutummaa qaamaa kan hooksisu ta'ullee irreefi miila irra ammoo caalaa hooksisa. Hooksisaan mudatu ammoo baayyisee kan nama dhukkubuufi sadarkaa gara garaa kan qabudha. Dhiitoon gogaa namaa irratti mul'atu boodarra gogaan sun akka madaa'uufi mala'ullee taasisa. Kanarra darbees, godaannisa hambiseellee darbuu danda'a. Dhukkubbiin isaa yeroo mataa isaatti kan badu yoo ta'u, guyyoota 14 hanga 21 ni fudhata. Dhukkubichi akkamiin nama qabataa? Namoonni dhukkuba kanaan qabaman waliin walitti dhufanii waltuttuquun jiraate carraan saaxilamuun ni jiraata.
Karaa gogaa keenya banaa ta'een, karaa ijaan, karaa funyaaniin ykn karaa afaaniillee vaayirasiin kun gara qaama dhala namaatti ni seena. Wal tutuquu yeroo saal-qunnamtii raawwatanittis vaayirasiin kun ni daddarba. Jaldeessota, antuutawwan ykn bineensota biroo waliin wal tuttuqqaan jiraannaan vaayirasichi gara namaatti ni darba. Vaayirasiin kun karaa uffataanis ykn uccuuwwan tuttuqqaa qaban birootiinis ni daddarba. Hangam yaaddessaadha? Namoonni vaayirasichaan qabaman baayyeen dhukkuba hamaatiif hin saaxilaman. Akkuma Maaree/maaritee torbeewwan muraasa keessatti bada. Haata'u malee, dhukkubni kun sadarkaa hamaa irras gahuu ni danda'a. Afrikaa Lixaatti sababii dhukkuba kanaatiin namoonni du'an ni jiru. Nama vaayiresichaan qabame waliin saal-qunnamtii raawwachuu dabalatee wal tutuqqaa gosa kamiyyu jiraannaan carraa dhukkubni kun ittiin daddarbuu danda'u kan jiru yoo ta'u, dhiirota jaallattoota saala wal fakkaataa ta'an birattis carraan saaxilamuu mul'atera. Vaayirasiin kun jalqaba kan mul'ate jaldeessa bakka eegumsaa keessa jiru irratti ture. Erga bara 1970 kaasee dhukkubni kun biyyoota Afrikaa 10 keessatti mul'ateera. Bara 2003 Ameerikaa keessatti yeroo mul'ate, Afrikaan alatti argamuun isaa kan jalqaba ture. Sareen tokko bineensota gara biyya sanaa geeffamanirraa vaayirasichaan qabamtee ture dhukkubni kun kan ka'e. Namoonni 81 vaayirasichaan qabamanii turanillee, namni du'e garuu hin turre. Bara 2017 ammoo Naajeeriyaa keessatti vaayirasiin kun sadarkaa olaanaatiin tatamsa'uun namoonni 172 qabamuun isaanii ni yaadatama. Dhukkubsattoonni harka dhibba keessaa 75 ta'an dhiirota umuriin isaanii waggaa 21 hanga 40 keessa jiran ture. Wallaansa qabaa? Maree/Maaritee Jaldeessaa wallaansa fayyaa hin qabu.
Maree/Maaritee Jaldeessaa wallaansa fayyaa hin qabu. Haata'u malee garuu tatamsa'ina isaa to'achuun ni danda'ama. Talaalliin dhukkuba kana gama ittisuutiin harka dhibba keessaa 85 bu'a qabeessa ta'ee argameera. Dhaabbata Nageenya Fayyaa Yunaayitid Kingidam keessa kan hojjetan Piroofeesar Jonaataan Baal akka jedhanitti, namoota 50 nama jalqaba biyyattii keessatti vaayirasiin kun irratti argame waliin walitti dhufeenya qaban keessaa namni tokko qofti vaayrasichaan qabamuun isaa, saffisa inni ittiin tatamsa'u gadi aanaa ta'uu isaa agarsiisa.
Gaazexeessaan kuni erga too'atameen booda akkaataa seerri ajajuun mana murti dhihaachuun galmeen banamee poolisiin guyyaa qorannoo dabalataa waan itti gaafateef dhimmichi adeemsa seeraarra jiraachuus himan.
'Kanan tursiifame mana durii naannoo Xoor Haayiilooch natti fakkaata' - Gaazexeessaa Gobazee Siisaay Guyyoota darban keessa achi buuteen isaa dhabamee kan ture gaazexessaa Gobazee Siisaay mana jireenyaa isaatii ''garee seeraan alaa gurmaaye'' fakkaatuun erga fudhatamee booda naannoo Xoor Haayilooch mana durii keessa tursiifamuu hin oollee jedhe. Turtii torban tokkoo booda Wiixata kaleessaa gara mana jirenyaa isaatti kan deebifame gaazexeessaan kun bakka tursiifame yeroo geeffamu ijji isaa huccuun haguugamee akka ture BBC'tti himeera. Bakki itti tursiifame naannoo Xoor Haayilooch jedhamu akka ta'e kan beeke warri isa qabe kallattii yeroo walitti himan ta'uu dubbate. Gaazexessaa Gobazeen kan qabame jala bultii ayyaana Iidaa Dilbata ganama naannoo sa'aa afuriitti ta'uu hima. Namootni torba yookaan saddeet ta'an kan qaamolee nageenyaa mootummaa hin fakkaanne mooraa mana jireenyaa isaa naannoo Hayaat jedhamu argamutti ol lixuu himeera. ''Qaamolee nageenyaati jedhuun ni dhiba. Gochi isaanii kan qaamolee nageenya mootummaa hin fakkaatu. Mooraa seenanii yeroo wacan kan namni jalaa badee barbaadan malee ana qabuu kan dhufan natti hin fakkaanne ture. 'Si barbaanna' naan jedhan.'' Eenyummaa isaanii gaafatus dafanii deebii laachuuf fedha akka hin qabne hima. ''Meeshaa qabataniiru. Eenyu isin jedhee, waraqaa eenyummaa yeroon isaan gaafadhu, waraqaa eenyummaa agarsiisuuf fedha hin qaban. Na arrabsaa turan,'' jedha. Uffannaaa fi haalli namoota isa qabuu dhufanii qaamolee nageenyaa mootummaa ta'uu isaanii akka shakku taasisuus dubbata. ''Huccuu seeraan hin uffatamne, shurraabii kooffiyyaa qabu kan uufftan jiru, haalli isaanii akka kashilabboota hamooti ...garee seeraan alaa gurmaayetu dhufe jedheen yaade.''
Namoota isa qabuu dhufan keessaa tokko viidiyoo isa waraabuu akka eegale dubbata Gobazeen. Irra deddeebiin erga gaafatee booda tokko qaama nageenyaa mootummaa ta'uufi waraqaa eenyummaa itti agarsiisuu yaadata. ''Waraqaan eenyummaa natti agarsiise kan raayyaa ittisa biyyaafi kan odeeffannoo maaloo maaloo jedha. Achii gara alaa na fudhatanii bahanii'' jedha Gobazeen. Namootni kun konkolaataa lakkoofsa gabatee raayyaa ittisaa qabuun isa fudhatanii deemuu hima. Namoota kanaan qabamee erga manaa bahee booda ija isaa huccuun haguuganii deemuu hima. Konkolaataan osoo deemnuu, ''walitti wacaa dubbatu, haasaa isaaniirraa gara naannoo Xoor Haayilooch na geessuu isaanii bareen ture'' jedha. Namootni kun nama Janaraal jedhan irraa ajaja fudhachaa turaniis jedha. ''Dhuma irratti mooraa tokko na fudhatanii galan. Mooraa bal'aadha. Mooraa keessa manneen jiran manneen duriiti. Lafti isaanii muka. Achi keessa na tursan.'' Booda garuu qorataan tokko dhufee gaaffii akka dhiyeesseef dubbata. ''Namni qoratu yeroo dhufu fuulli koo ni haguugama'' kan jedhu Gobazeen, warri gaaffii dhiyeessaniif yaada sadii irra deddeebiin dhiyeessaa turanii jedha. ''Kan jalqabaa ati Faannoo deeggarta, miseensa Faannootii kan jedhu. Kan lammataa ati jibba Oromoo qabda kan jedhu. Sadaffaan ammoo walitti bu'iinsa kaan keessaa harka qabda kan jedhu'' jechuun ibsa. Gaaffileen dhiyaataniif miidiyaalee iratti yaada dhiyeessuun kan walqabatan ta'uus dubbata. Eenyu akka isa to'ate gaaffii dhiyeessaa akka tureefi warri qabeen ''takka takka Rayyaa Ittisa biyyaati jedhu, Raayyaan ittisaafi tikni waliin ta'uun akka na qabanis natti himu'' jedhe. Warri isa qabe raayyaa ittisaa ta'uu akka amanu BBC'tti himeera. Turtii isaa torbee tokkoon miidhaan qaamaa irra gahe akka hin jirreefi nyaatas akka hin rakkanne himeera.
Turtii isaa torbee tokkoon miidhaan qaamaa irra gahe akka hin jirreefi nyaatas akka hin rakkanne himeera. Gobazeen Wiixata kaleessaa galgala sa'aa sadiitti fuula isaa huccuun uwwisanii mana jireenyaa isaatti isa buusanii deebi'uu dubbateera. Isa gadhiisuu isaaanii dura ergaa gorsas akeekkachiisas fakkaatu ''waan akkanaa hin hojjetiin. Biyya keenya kan guddifnu waliini. Essayyuu yoo dhaqxe nu jalaa hin baatu'' jedhu itti dhaamuu himeera. Gaazexessaa Gobazee Siisaay ESAT keessa hojjetaa kan ture yeroo ta'u waraanni Kaaba Itoophiyaa erga dhalatee booda naannoo Amaraa keessatti haala waraanichi itti adeemaa jiru ilaalchisee gabaasa hojjetuun walqabatee dhaabbatichi ari'achuu beeksiseera. Adeemsa san keessas Youtube gubbaatti ''sagalee Amaaraa'' jechuun fuula banateen odeeffannoo qooduun gurra horateera. Gobazeen qabamuu fi himannaa irratti dhiyaate hojii miidiyaa isaarraa boodatti akka isa hin deebifne BBC'tti himeera Achiis Gobazeen 'Na hordofuu danda'u. Maatii fi hiriyyaan lakki sitti haa hafu jechuun dhiibbaa uumuu malu. Kun garuu anaan boodatti na hin deebisu. hojii miidiyaa ittiin fufa'' jedheera.
Neetwoorkiin labata 5ffaa (5G) Itoophiyaan jalqabsiiste biyyattii akkamiin fayyada? Itoophiyaan neetwoorkii moobaayilii labata 5ffaa (5G) hojii jalqabsiisteetti. Neetwoorkiin 5G (Labata 5ffaa) teeknoloojii moobaayilii saffisaa isa dhumaa addunyaan keenyi irra geesse dha. Saffisa isa dhumaa yeroo jedhamus fiilmii intarneetii irraa buusuuf (download) gochuuf sa'atii lama fudhatu, sakandiiwwan muraasa keessatti buusuuf dandeessisa. Teeknolojiin kaleessa Itoophiyaatti hojii jalqabe kuni beeksisaaf jechas magaalawwan biyyattii filataman keessatti tajaajila kennuu jalqabeera. Tajaajila kana dursanii beeksisuufis Finfinnee keessa Paarkii Aandinnati, Daandii Charchaliifi naannoo waajira Poostaatti 5G'n hojii eegaluu Itiyoo-telekoomitti itti gaafatamaa teeknolojii kan tahan Taarikuu Dammissee BBCtti himaniiru. Akka hogganaan kuni jedhanitti tajaajilli kuni waggaa tokkoo booda hojii beeksisuurraa gara tajaajila guutuu kennuutti kan ce'u yoo tahu ammatti buufataaleen tajaajila kennan ja'a yoo tahan fedhii Finfinnee fi naannolee irraa jiruun gara 150 guddachuu malu. Naannoleen, ''filataman kunneen kan namni baayyeen keessa socho'uufi fedhii daataa mobaayilii fayyadamuu qaban,'' gatii tahaniif tajaajilaaf filatamuu isaanii itti-gaafatamaan kuni hubachiisaniiru. Buufataalee jahan amma hojii jalqabaniin namoonni kuma 30 tahan tajaajila kana argachuu danda'u. Itiyoo-telekoom maamilootnisaa tajaajila isaanii mala dijitaalaan akka argatan gochuuf, oomishtummaa guddisuuf neetwoorkii 4G LTE kan jalqabe bara 2015tti ture. Gara naannolee biraatti babal'isuunis tajaajila kennaa jira. Itti-gaafatamaan teeknolojii dhaabbata kanaa tajaajila teeknolojii 5G argachuuf neetwoorkii telekoomiiwwan diriirsaniin alatti teeknolojiin neetwoorkicha deeggaru akka barbaachisu himuun, ''kaffaltii tajaajila bu'uura godhate,'' akka qabaatus himaniiru.
Obbo Taarikuun tajaajila kana yaaliidhaaf eegalsiisuuf ji'a tokkoo gadi akka fudhateefi ''baasii 4G fi 4G Advanced'f bahee tureen dachaa sadii caalu'' akka bahes himaniiru. Itoophiyaan, ''biyya diinagdee dijitaalaa ijaaruuf fiigicha olaanaarra jirtu dha,'' kan jedhan ittigaafatamaan kuni, kaayyoo kana galmaan gahuuf immoo 5G'n murteessaa dha. Tajaajilli kuni wal'aansa fayyaa fagoorraa kennamu babal'isuuf, qonna gurguddaa teeknolojiidhaan deeggaruuf, damee albuudaa biyyattii teeknolojiidhaan gabbisuufi indastirii jabeessuuf akka gargaaru dubbataniiru. Haala kanaan Itoophiyaan hojii neetwoorkii 2G diriirsuu dhaabuun, 3G, 4G, 4G Advanced fi 5G irratti hojjechaa akka jirtu itti gaafatamaan kuni ibsaniiru. Dabaluunis, naannolee biyyattii keessaa harki 66, teeknolojiin 3G waliin gaheera, 4G fi 4G Advanced magaalawwan 136 keessatti diriirfameera. Teeknolojiin Labata 5ffaa tajaajila saffisaa akka kennu himamus sirna wal-quunnamtii xiyyaaraa garuu ni jeeqa jedhamuun qeeqni irratti dhiyaata. Baatii darbe keessa daandiiwwan xiyyaaraa gurguddoo Ameerikaa 10 5G'n balaliiwwan irratti, ''dhibbaa guddaa jedhamu,'' uumuu mala jechuu akeekkachiisa kennanii turan. Daandiiwwan xiyyaaraa kunneen dhaabbileen tajaajila telekoomii kennan tajaajilli kuni buufataalee xiyyaaraa irraa yoo xiqqaate km3 fagaatee akka jiraatu gaafataniiru. Tajaajilli 5G'n keessumaa yeroo haalli qilleensaa gaarii yeroo hin jiretti sirna balalii ni jeeqa jechuun yaaddoo isaaanii ibsan. Dhimmi kuni Itoophiyaaf rakkoo hin tahuu jechuun Obbo Taarikuudhaan gaafanneerra. Isaaniis teeknolojii kana jalqabsiisuuf yeroo yaadan dhimma kanaaf xiyyeeffannoo akka kennan himaniiru.
''Ameerikaatti xiyyaara irraa lafatti wal-quunnamtii raawwachuuf malli fayyadaman firiikuweensii 5G waliin kan walitti dhiyaatu gatii taheef qoratamuu qaba yaaddoon jedhu jira. ''Nuti garuu mala 'lowerband' jedhamu gatii taheef, gama kanaan waan yaaddeessu akka hin jirre sirriitti hubanneerra,'' jedhan. ''Daandiiwwan xiyyaaraa waliinis marii gochuun waliigalaa jirra,'' jechuun hubachiisaniiru. 5G''n neetwoorkii 4G amma faayidaarra oolaa jiru irraa harka 20 akka saffisu himama. Teeknolojii raadiyoo ispeektiram jedhamu kan fayyadamu 5Gn, jalqaba kan hojiirra oolu dhaabbilee neetworkii dhiyeessaniini. Dhaabbileen kunneen tajaajila kana kan kennan intarneetii 4G guddisuuf akka isaan gargaarudha. Ispeektiramiin 5Gn fayyadamu dhaabbilee networkii mobaayilii dhiyeessan irratti hundaa'a. Dhaabbatichi meeshaalee daddabarsan baayyee dhaabuuf humna qaba yoo taheef intarneetii foyya'aa tahe qabaachuu dandeessu. Haatahu malee, teeknolojii kana diriirsuuf baasiin bahu salphaa gatii hin taaneef dhaabbileen networkii dhiyeessan rakkoon isaan mudachuu akka malu beekamaadha. Yeroo ammaa intarneetiin 4G namoonni baay'ee itti fayyadamaa jiran gidduugalaan sekandii tokkotti daataa megaabaayitii 45 naannessa. Tahus 4Gn sekandii tokkotti intarneetii hanga giggaabaayitii 1 dhiyeessuu akka danda'u ni himama. 5Gn saffisa intarneetii kanaa dachaa 10 hanga 20 geessisuu mala. Kana jechuun, faayila onlaayiniirraa buusuuf ykn dhimma biraaf fayyadamuuf intarneetiin keessan harka 20 saffisaa jechuudha. Saffisa kanaan fiilmii qulqullina olaanaa taheen hojjetame tokko daqiiqaa tokko keessatti onlaayiniirraa buusuu dandeessu.
Saffisa kanaan fiilmii qulqullina olaanaa taheen hojjetame tokko daqiiqaa tokko keessatti onlaayiniirraa buusuu dandeessu.
'Godinaalee Oromiyaa garagaraatti wal waraansi ija addunyaa jalaa dhokfamee gaggeeffamaa jira' - KFO Ajjeechaan jumlaa lammiilee nagaa irratti raawwatamaniifi raawwatamaa jiran qaama idil addunyaa bilisa ta’een akka qorataman Partiin Kongirasiin Federaalawaa Oromoo (KFO)n gaafateera. Kongirasiin Federaalawaa Oromoo rakkoolee nageenyaafi diinagdee dabalatee haala waqtaawaa naannoo Oromiyaa fi biyyattii ilaalchisee waajjirasaa mummee magaala Finfinneetti argamutti Kamisa Caamsaa 12, 2022 ibsa kenneen kan kan gaafate. Dhaabichi “sa’aatii amma itti haasa’aa jirru kanatti iddoowwan Oromiyaa garagaraatti wal waraansi ija addunyaarraa dhokatee adeemsifamaa jira” jechuun haala nageenyaa godinaalee Oromiyaa garagaraa jiru ibseera kan ibsan. Ji’oota muraasa darbanitti Oromiyaa keessatti qofa lammiileen nagaa 297 ol humnootii mootummaan ajjeefamaniiru kan jedhu KFOn, namoonni kuma 500 ol immoo sababa waraanaatiin buqqa’uu himeera. UN'tti dhaabbati Dhimma Gargaarsaa qindeessu (UNOCHA) ibsa xumura torban darbe baasen, Naannoo Benishaangul, Godina Kaamashii dabalatee jiraattonni 500,000'tti tilmaamaman buqqa'uu dhiheenya ibsuun ni yaadatama. Akkasumas qondaalli Mootumaa Naannoo Oromiyaa Obbo Musxafaa Kadiir rakkoo nageenyaan Oromiyaa keessatti lammiileen kuma dhibba jahatti siqan buqqa'uu BBC'tti himanii turan. “Namoonni ajaja mana murtiin ala hidhamu, hiraarsis irratti gaggeeffama; gama kaaniin ammoo murtii malee ajjeefamu, ukkaamfamanii dhabamsiifamu” jechuun ibse KFOn. Kana malee sirni haqaa biyyattii laafuufi ajajni manneen murtii qaamolee bulchiinsaatiin kabajamaa akka hin jirres kaaseera paartichi ibsa isaa kanaan. Gama biraatin biyyattiin sababa waraanaatiin kufaatii diinagdee keessa seenuu kan hime KFOn “wal waraansi yoo furmaata hin argatiin gaaga’amni siyaasaafi kufaatiin diinagdee biyyattii daran hammaataa fi walxaxaa deemun isaa hin hafu” jechuun yaaddoo qabus himeera.
Kanaafis wal waraansi dhaabbachuun rakkooleen jiran marii siyaasaan furamuu akka qabaniif waamicha taasise. Itti dabalunis, qaamoleen naannoo Oromiyaa fi naannolee biyyattii biroo keessatti lammiilee nagaa irratti ajjeechaa jumlaa raawwatan hundi seeratti akka dhiyaatanis gaafateera. Faannoo fi humnootii naannoo Amaaraa biroo… Humnootiin Faannoo fi milishootni akksumas humni addaa naannoo Amaaraa naannichaan deeggaramuun naannolee Amaaraa, Oromiyaafii Benishaangul Gumuz keessatti lammiilee nagaa ajjeessaa jiraachuu KFOn ibsa isaa kanaan hime. Humnoonni kun saamicha midhaanii fi loonii akkasumas manneen gubaa jiraachus eeree jira. Kana malees humnootiin naannicha keessatti karaa seeraan alaatin gurmaa’un hidhatan nageenya naannichaa, naannolee ollaafii guutuu biyyattiif sodaa ta’uu himeera. Kanaan duras jiraattoonni BBCn godinaalee Oromiyaa garaa garaa irraa dubbise hidhattootta naannoo Amaaraa Faannoo jedhamaniifi hidhattoota motummaan ABO-Shane jedhuun Oromiyaa keessa socha'an akkasumas humnootii motummaatiin kallattii sadiin miidhaan irra gahaa akka jiru himachaa akka jiran gabaasuun keenya ni yaadatama. Dhimma marii biyyaalessaa KFOn sochii mootummaan marii biyyaalessaa jechuun taasisaa jirus qeeqera. “Yeroo ammaa kana sochiin maqaa marii biyyaalessaatin geggeefamaa jiru adeemsa qoosaa ta’uu biraa darbee rakkoolee jiran kan daran hammeessu adeemsa balaa qabudha” jedheera. Komishiniin marii biyyaalessaa ijaarames ta’e adeemsichi walaba fi hirmaachisaa akka hintaanes himeera. Haala amma biyyattii keessa jirun Komishiniin marii biyyaalessaa jijjiirama fiduu akka hin dandeenye dura taa’aan dhaabichaa Profeesar Mararaa Guddinaa sodaa qaban himan. Marichi kunneen hidhannoon bosona jiran dabalatee qaamolee hunda kan hirmaachiseefi haala qaamni walabaa jirutti adeemsifamuu akka qabus himeera. Kanaafis mootummaan “adeemsas ta’e bu’aa marii biyyoolessaa kophaatti to’achuuf godhu dhaabee ardaa siyaasaa akka banu gaafanna,” jedheera.
Kanaafis mootummaan “adeemsas ta’e bu’aa marii biyyoolessaa kophaatti to’achuuf godhu dhaabee ardaa siyaasaa akka banu gaafanna,” jedheera.
Sirna Gadaa Oromoo: Abbaan Gadaa gadoomarra jiru siyaasa paartii keessa seenuu danda’aa? Abbaan Gadaa gadoomarra jiru siyaasa paartii keessa seenuun qooda fudhachuu danda'aa? Abbaan Gadaa Afran Qalloo Abbaa Gadaa Abdurazaaq Ahimad dhihoo filatamanii Caffee Oromiyaa seenan wanti dhorku akka hin jirre ibsu. 'Gadaan siyaasa mootummaa irraa bilisa' jedhu 'ilaalcha dogogoraati malee qajeeltoo sirna Gadaa miti' jechuun BBC'tti dubbatan. Abbaa Gadaa Abdurazaaq Gosa Oromoo Baareentuu, Gadaa Afran Qallootti Abbaa Gadaati. Eega Baallii fudhatanii Abbaa Gadaa tahanii amma ganna afreessoo keessa jiru. Afran Qallootti amma gadoomarra jiraatanii baalliin isaan harka jiraatullee karaa biraa ammoo filannoo biyyaalessaa jahaffaa Itoophiyaa A.L.I Waxabajjii bara 2014 taasifameerratti hirmaataniiru. Paartii biyya bulchaa jiru, Paartii Badhaadhinaa, bakka bu'uunis aanaalee Meettaa fi Gooroo Muxii keessatti duula nafiladhaa taasisanii, filannoo buufata isaanii injifatanii miseensa Caffee Oromiyaa ta'aniiru. Adeemsa isaanii kana garuu Abbaan Gadaa Tuulamaa Abbaa Gadaa Goobana Hoolaa ni mormu. Hayyuun seenaa Pirofeesar Tasammaa Taa'aa taateen akkanaa akka hin baratamne, ta'us sirni Gadaa sirna bulchiinsa ammayyaa waliin osoo diriiree jiraate akka mudachuu danda'u ibsu. Seerri Itoophiyaa lammiileen mirga dimookiraatawaa isaanii fayyadamuun kallattiinis ta'e filatamanii mootummaa biyya isaanii keessa akka qooda fudhatan ni eeyyama yookiin dhorkaa kaa'u hin qabu. Abbaa Gadaa Abdurrazaaq akkaataa itti gara dhaaba siyaasaa bakka bu'anii filannoof dorgomuu itti murteessan yoo himan: "Karuma nuuf danda'ameen mootummaa Oromoo kana gadi dhaabuu danda'uu qabna. Sababa ijoolleen jijjiiramaa dhufte kanatti Gadaan keenya nuuf deebite. ''Warri Gadaan siyaasarraa bilisa jedhu waa'uma Gadaatuu hin beekani" jedhu.
Haala amma biyyattii keessa jiru wajjiin dhalli Oromoo kamuu karaa itti fakkaateen nagaa Oromiyaa tiksuufi Abbootiin Gadaas mootummaa wajjin waliigalanii hojjechuutu furmaata jechuunis himu. Ilaalchi 'Gadaan siyaasa mootummaa irraa bilisa' jedhu ilaalcha dogoggoraati malee qajeeltoo Sirna Gadaa mitis jedhu Abbaa Gadaa Abdurazaaq Ahimad. "Gadaa fi Mootummaan wajjiin hin deemaa warra jedhuuf sirritti kallattiidhaaan wajjin deema. Uummanni baayyeen Gadaa kana sirritti hin beeku akkanumatti yaa'a malee. ''Gadaan siyaasarraa bilisa warri jedhu kijiba. Namni siyaasa hin beekne akkamitti biyyaan deema" jechuun gaafatu. "Ammoo namni hundi caffeef hin ta'u nama namni jaalatutu taha. Ana amma aanaa 47'tu gadaa tiyya jala jira. Namni nuuf falmu, nuuf dubbatu si'i jedhanii uummanni nadirqee filannootti nagalche. ''Ani dura hin beekunuu ture. kanuma Maqaan maxxanfamee bakka sana dhaqi jedhaniin arge" jedhan. Ilaalchi Abbaan Gadaa filannoorraa maal godha jedhu 'Ilaalcha dhiphoo, kan maalummaa Gadaa beekuu dhabuurraa maddes' jedhu. Abbaan Gadaa Tuulamaa fi Barreessaan Gamtaa Abbootii Gadaa Oromoo, Goobana Hoolaa ammoo, yaada abbaan Gadaa kuni tarkaanfachiisan sirrii akka hin taane dubbatu. "Dhugaa dubbachuuf gaafa Abbaan Gadaa osoo Gadaarra jiruu Filannoo dorgomee caffee seene jedhan nan nahe. Kana akka sirni Gadaa cabee fi gadi bu'etti ilaalle. ''Gochi kuni baadii hamaadha. Paartii inni bakka bu'e kanaafilleen badii hamaadha" jedhan. "Gadaan hambaa addunyaa kan ta'e sirna dimokiraasii fi siyaasa paartii irraa bilisa ta'eeti. Amma namni kuni Abbaa Gadaas, miseensaa paartiis ta'ee yoo argamu naasuu fi gaddatu natti dhagahama" jedhan.
Abbaa Gadaa amma filannoo dorgomanii miseensa Caffee tahan kanaan alattis aanaalee fi godinaalee keessatti namootni hedduun maqaa 'Abbaa Gadaati' jedhu qabatanii hojii siyaasaa adeemsisaa oolan sirna Gadaa Oromootti qorumsa tahaa jirus jedhu. "Warra duudhaa Gadaan ajajuun ala bahee siyaasaan walitti maku kana dhaabuuf nuti humna hin qabnu. Gadaan humni isaa ummata. Kanaaf nuti boonyeetumaa ummatatti himnee taa'aa jirra" jedhan. Oromoodhaaf 'Gadaan' sirna sirnaa oliitii kan jedhan Abbaa Gadaa Goobanaan, Paartiin siyaasaa yoo dhufee darbu Gadaan garuu dhalootaa dhalootatti kan darbudha kanaaf siyaasa paartii irraa bilisa ta'uu qaba dhaamsa jedhu qabu. "Jaarraa 16ffaa keessa namuma aangoo fi humna qabutu 'anatu Abbaa Gadaati' jedhee of muudaa ture. Ammas rakkoo akkasiitu dhufe. Amma yaa'iin Odaa Bultum waan kanarratti walgahee mari'atee kallattii kaa'uu qabas." Yunivarsitii Finfinneetti hayyuun seenaa Pirofeesar Tasammaa Taa'aa, seenaa keessatti Abbaan Gadaa si'a tokkoon Abbaa Gadaas ta'ee paartii siyaasaa keessa jiru mul'atee hin beeku jedhan. Ta'us sirni Gadaa sirna bulchiinsa ammayyaa kana waliin karaa walqixaa fi walfudhatiinsa qabuun diriiree osoo jiraatee sirni walfaana adeemsisuu kuni uumamuu inuma dandaha ture jedhu. "Abbaa Gadaa uummanni akka seeraa fi heera Gadaatti nagaggeessa jedheeti kan filatu. Mootummaan ammaa ammoo akka heera fi seera Gadaa kanatti miti kan bulchu. Garaagarummaa qaba" jedhan. "Ummanni Abbaa Gadaa sana filate 'Ati Abbaa gadaa keenya, akka duudhaa fi heera Gadaatti si erganna dhaqiitii mootummaa keessatti naaf hirmaadhu seeraa fi heera keenya nuuf eegsisi' jechuu dandaha. ''Kana jechuuniin isaanii garuu mirkanaahuu qaba" jedhu. Haala sirni Gadaa fi bulchiinsi biyyattii amma itti adeemaa jiruun garuu si'a tokkoon abbaa gadummaa fi siyaasa walfaana adeemsisuun qorumsa cimaa fi waan gochuun hin dandahamnedhas jedhan Pirofeesar Tasammaan.
Haala sirni Gadaa fi bulchiinsi biyyattii amma itti adeemaa jiruun garuu si'a tokkoon abbaa gadummaa fi siyaasa walfaana adeemsisuun qorumsa cimaa fi waan gochuun hin dandahamnedhas jedhan Pirofeesar Tasammaan. Abbaan Gadaa Abdurazaaq Ahimad ''gosti kiyya sirna duriirraa kaasuun Sirna Gadaa kana tursiisuuf warra aarsaa kanfaledha'' jechuun abaaabilee isaaniirraa kaasanii lakkaahan. Isaan ammoo waggaa 12 erga biyya Kaanaadaa jiraataniin booda jijjiirama siyaasaaa biyyattii keessatti dhufee tureen gara biyyaatti deebi'uus himu. Akkaataa itti biyyaa bahan yoo himanis, 'qabsoo sirna darbe keessatti taasisaa turreen waggaa dheeraa ergan mana hidhaa tureen booda gara biyya alaatti baqadhe.' Dhaaba yookiin garee jala hiriiranii qabsaa'an garuu himuu hin feene. Akkaataa itti biyyatti deebi'anii abbaa Gadaa tahan yoo himan ''Uummata kiyyatu aboo si abaarramoo si eebbisna, koottu ummatakee tajaajili jedhee nawaame" jedhan. "Afran Qalloo Odaa Watarittin Abbaa Gadaa ta'ee Baallii fudhadhe. Afran Qalloo sangaa torba qalee baallii Gadaa naaf kenne. ''Gadaa Odaa Watar kana amata 224 booda deebisne. Kuni Waxabajjii 8, bara 2011 [A.L.I] jechuudha" Jedhan.
Walitti bu'iinsa amantii tibbana Itoophiyaa mudateerratti qorannoon walabaa akka taasifamu UN gaafate Tibbana Itoophiyaatti walitti bu'iinsota amantii mudate jedhan mootummaa Itoophiyaan qorannoo walabaa, gadi fagoofi ifa ta'e akka taasifamu Dhaabbanni Biyyoota Gamtoomanii(UN) gaafate. Ibsa gaafa Dilbataa Komishinarri Olaantuu Mirgoota Namoomaa UN baasaniin walitti bu'iinsa Kiristaanota Ortodoksiifi Musliimota gidduu mudateen yoo xiqqaate namoonni 30 du'uu isaanii himan. Akkasumas namoota 100 ol irratti miidhaan dhaqqabuu Misheel Baachelee himaniiru. A.L.I Ebla 18, 2014 magaalaa Gondar bakka owwaalchaarratti walitti bu'iinsi eegale hookkaratti babal'atee namoonni 20 ol du'u, 150 ol irrattimmoo miidhaan dhaqqabuu Manni Maree Olaanaa Dhimmoota Islaamaa Naannoo Amaaraa ibsee ture. Eegasii Hoogganaan Biiroo Bulchinsaafi Nageenya Naannoo Amaaraa Obbo Dassaalany Xaasaw lakkoofsi namoota du'anii 14 fi kan madaa'an dhibbaa ol ta'u ibsan. Rakkoo Gondaritti mudate booda haalichi magaalota naannolee biroo jiranitti akkasumas gara magaalaa Finfinnee waan babal'ate fakkaata jedhaniiru ibsa baasan keessatti. Ibsa isaanii keessa Gondaritti Masjiidonni lama gubachuufi lama biroo immoo gar-tokko manca'uu isaanii hubachuu ibsan. Walitti bu'iinsa Gondar booda haleellaa haaloo ba'umsaan Naannoo Kibbaa Godina Silxee hordoftoonni amantaa Ortodoksii lama ibiddaan gubamanii akkasumas namni tokko reebamee ajjeefamuu himan. Dabalaniis, Manneen kiristaanaa shan gubataniiru jechuun ibsan. Dabaarqitti akkasumas Naannoo Affaariifi Dirree Dawaatti hookkarri turuu ibsaniiru. A.L.I Ebla 20, 2014 Magaalaa Dabaarqitti masjiidonni lama akka gubatan kana dura Manni Maree Olaanaa Dhimmoota Islaamaa Naannoo Amaaraa ibsee ture.
A.L.I Ebla 20, 2014 Magaalaa Dabaarqitti masjiidonni lama akka gubatan kana dura Manni Maree Olaanaa Dhimmoota Islaamaa Naannoo Amaaraa ibsee ture. Komishinarri Olaantuu UN kuni lubbuun akka baduuf, manneen amantaa akka manca'aniif kannaan badii dalagan seeraan akka gaafataman gochuun haleellaa dabalataa hambisuuf fayyada jechuun jala sararanii ibsan. Hookkaroota kanneen walqabatee magaalota afuritti yoo xinnaate namootni 578 gadi hin taane poolisiin to'atamuu ibsamuu isaa ibsa baherra eerameera. Baacheleet adeemsi seeraa kanneen to'annoo seeraa jala jiran loogii malee seera mirga namoomaa idil-addunyaa bu'uura godhateen akka raawwatu gaafataniiru. Ergaa isaaniin amantii gidduu walitti bu'iinsi akka hin uumamne ittisuuf mootummaan hawaasa miidhameefi namoota haleellaarra hafan hirmaachisuun taatewwan kanaaf furmaata akka kennu gaafatan. Gondariifi walitti bu'iinsa magaalota birootti mudateen ala solaata[sagada] Iidii Finfinneerratti hookkarri ka'ee humnoota nageenyaafi qabeenyarratti miidhaan dhaqqabu mootummaan ibsee ture. Maatiifi daa'imman ayyaanaaf bahanillee wal jalaa baduun mudateera. Rakkoo Finfinneetti uumameen walqabatee namoonni 76 to'annoo jala ooluu poolisiin ibsuun ni yaadatama.
KMNI Mootummaan sirna kanfaltii hojjataa murteessuuf dursii akka kennamuuf gaafate Komishiniin Mirga Namoomaa Itoophiyaa (KMNI) guyyaa dafqaan bultoota Addunyaa sababeefachuun, haaluma labsii Dafqaan bultootaa 2019tti Boordiin Kanfaltii akka hundeeffamuuf waamicha taasise. Komishinichi ibsa guyyaa Dafqaan bultoota Addunyaa sababeefachuun baasee, sochiiwwan hanga ammaatti taasifamaniif beekkamtii kennuun garuu tarkaanfiiwwan seera Boordii kanfaltii hundeessuu kan gamtaawwan daldalaa fi waldaalee siiviilii hammatu ittiin hundeeffamuu akka saffiisuuf motummaaf waamicha dhiyeesse. Qorannoo bara darbee paarkiiwwan indastiirii keessatti baatiiwwan hedduuf gaggeesse qaamoolee motummaafi miti-motummaa dhimmisaa ilaalatuuf qooduu yaadachuun, kanafaltii jiddugalaa hojjatootaaf kanfalamu jireenyaaf gahaa akka hin taane hubachu kaaseera. Ibsi Komishinichaa akka jedhuutti qorannoo taasifameen, hojjattooni Itoophiyaa keessaa kanneen %18 ta'an jireenya hiyyummaa hamaa keessa kan jiraatan yoo ta'u, kanneen %31 ta'an hiyyummaa jiddugalaa keessa jiraatu jedhe. Akka ragaa Tajaajila Istaastiksii Itoophiyaa irra argameetti, qaala'insi jireenyaa walitti aansuun baroota sadiif gara %35tiin dabalee, nageenya dhabiinsa, dabaluu gatii nyaata addunyaa fi buqqa'iinsa biyya keessaatti dabalamuun gatiin meesheelaa haalaan akka dabalu gochuu kaaseera ibsichi. Sadarkaan mindaa hojjataa erga bara 2017 as sadarkaa biyyaleessatti fooyyeefamu dhabunsaa ammoo rakkoo ta'u kaaseera. Bara 2030tti haala qacarrii bu'aa qabeessaafi guutuu akkasumas hojii nagaa hundaaf' jedhuufi qaama Galmawwan Gudina Walitti Fufaa (SDGs) Itoophiyaan mallatteessite kanfaltii gahaa ta'ee kan hammatuudha jedha ibsichi. Akkasumas heera motummaa Itoophiyaa keewwata 89(8) keessatti ''motummaan fayyaa, nageenyaafi sadarkaalee jireenyaa ummataa fi hojataa biyyattii eeguufi jajabeessuuf'' dirqama qabas jedha.
Akkasumas heera motummaa Itoophiyaa keewwata 89(8) keessatti ''motummaan fayyaa, nageenyaafi sadarkaalee jireenyaa ummataa fi hojataa biyyattii eeguufi jajabeessuuf'' dirqama qabas jedha. Haala hojii gaariifi haqa-qabeessaa jechuun hojii namoonni kanfaltii jireenya gahaa ittiin jiraachuuf dandeessisu jechuudha kan jedhe ibsichi, kunis mirga kunuunsa fayyaa, barnootaa fi haala gahaa ta'een nyaataa, bishaan fi qulqulina akkasumas baasii mana jireenya, uffataafi geejibaa ofiifi maatii argachuu kan hammatu ta'u kaasa. Boordiin Kanfaltii labsii dafqaan bulaa bara 1156/2019 keessatti kaa'amees, akka huuluma guddina diinagdee, gabaa hojjataafi haalawwan kaan xiyyeeffannoo keessa galchuun qorannoo erga taasiseen booda kanfaltii gadi aanaa akka fooyyeessuu eegama. Wixineen kanfaltii gadi aaanaas akka irratti mari'atamee raggaasifamuu gara mana maree Ministirootaatti galfame quba qabaachu Komishinichi kaaseera. Dhiibbaa Itoophiyaan AGOA keessaa baafamuun kallattiifi al-kallattiin qabaatu kan hubatu ta'u kan kaasee Komishinichi, sun hundi haala jireenya lammiilee irratti dhiibbaa qabaachu kaaseera. Ta'us garuu motummaan sarbama mirgoota namoomaa ittisuufi miidhaa qaamoolee sadaffaan hojjattootarra gahu dhorkuuf itti gaafatamummaa qaba jedheera. KMNI Konfidareshiinii Gamtaawwan Daldala Itoophiyaa fi kaan waliin ta'uun motummaan akka sirna kanfaltii gadaanaa murteessuuf waamicha taasisa jedhera. Hoganaan Komishinichaa Daani'eel Baqqalaa ''kanfaltii gadaanaa murteessuun rakkoolee hojjattoota Itoophiyaa mudataa jiran hundaaf furmaataa akka hin taane yaadachuun, ta'us yoo tarkaanfiiwwan hawaas-diinagdee biraa waliin wal qabsiifame garuu hojjattoonniifi maatiinsaanii jireenya gahaa akka jiraatan gochuuf tarkaanfii murteessaadha'' jedhaniiru.
Waraana Yuukireen: Fedhiin lammiilee Itoophiyaa Imbaasii Raashiyaa duratti hiriiranii maal ture? Amaaran Sanbata darbe ture hiriyoota isaa waliin gara Imbaasii Raashiyaa kan deeme. "Erga barfateen deeme natti fakkaata galmee xumureerra naan jedhan," jedha. Raashiyaaf duuluuf kan kutate Amaaran ammas abdii osoo hin kutatiin gaafa Wiixataa gara imbaasii Raashiyaa naannoo Qabbannaa jiru deeme. Amaaran nama ganna 27 tahus hadhaa jireenyaa hin argine hin qabu. Humna Addaa Naannoo Amaaraa ta'ee Birgaader Jeneraal Asaamminoo Tsiggee jalatti leenji'eera. Waraana Kaaba Itoophiyaa irrattis hirmaateera. Baratee hojii dhabaa tahuun oliifi gadi jooraa tureera. Gosa barnoota mummee Ikoonomiksii baratee eebbifame. Loltummaan hiriiree loleera. Amma mana intarneetii xiqqoo tokko keessatti fiilmii moobaayila namaa irratti fe'uun jireenya isaa gaggeessaa jira. Jireenyi garuu akka malee itti ulfaannaan gara Baha Awurooppaatti duuluu yaade. Namoota gaafa Wiixataa balbala Imbaasichaatti hiriiranii jiran keessaa BBC'n dargaggoo Amaara dubbiseera. ''...Ataashee namni jedhamu tokko as bahee 'dookimantii keessan dhiisaa deemaa, waan haaraan yoo jiraate isinitti himna' jedhee ol deebii'e,'' jedha. Amaaran nama sana fagootti argeera. Kanaafuu 'loltoota galmeessaa hin jirru' jechuun Imbaasichi kan waakkate akka namoonni baayyeen hin dhaqneef. Namootni kaan tokko tokko ammoo yoo nu waaman haa waaman yoo dhiisanis haa dhiisan jechuun ragaa barnoota isaanii dhiisanii deeman jedha. Naannoo Imbaasii Raashiyaatti namoonni dhibbaan lakkaa'aman akkamiin takkaatti odeeffannicha arguu danda'an kan jedhu dubbii ijoo ture. Amaaran odicha kan dhagahe namoota irraati jedhe. ''Kana dura mana loltummaatti namootan beekutu bilbilee natti hime.''
Isaan irraa osoo hin dhagahiin dura garuu miidiyaa hawwaasaa irraatti arguu isaa hima. Miindaan waggaa lamaa dursee akka kaffalamu ture kanan dhagahe jedha. "Dhugaa tahuu danda'a jedhee akkan amanu kan na godhe duraan miidiyaa hawwaasaa irratti oduu tamsa'aa turedha," jedhe. Inumaayyuu oduu guyyatti doolara 2,000 kaffalama jedhutu bahaa ture. ''Yeroon oduu kana dubbisu maal taha carraan kun gara Itoophiyaa osoo dhufe yaadni jedhu natti dhufe. Hiriyyotakoo waliin irratti dudubataa turre.'' Imbaasiin Yuukireen magaalaa Finfinneetti argamu Raashiyaan Itoophiyaatii loltoota filaa jirti jechuun himatee ibsa baaseera. ''Egaa akkuma barame michuun Itoophiyaa Raashiyaadha jennee yaadna. Ani ogummaa loltummaa kanaan qaama kamiyyuu waliin hojjechuuf qophiidha. Yuukireenis tahe Raashiyaa anaaf tokkuma.'' Imbaasiin Federeshinii Raashiyaa Finfinneetti argamu ibsa Kibxata Ebla 19, 2022 baaseen, gaaffiiwwan qacarrii loltummaa kamuu hin simadhu jedhe. Lammiilee Itoophiyaa hedduun imbaasicha fuulduratti hiriiranii mul'atan 'deeggarsa isaanii karaa barbaachisaa ta'e' hundaan Raashiyaa cinaa akka hiriiran agarsiisuuf," dhufani jedhe Imbaasichi. Amaaran garuu ''dhugumaan beeksisa hin baasne tahuu danda'a, loltoota filaa hin jiran yoo tahe maaliif ragaa keenya nurraa fuudhaniree? jechuun gaafata. Imbaasichi waan kana waakkachuun isaa tarii naannichatti wal dhiphisuun akka hin jiraanne, ykn loltoota filaa jiru akka hin jedhamneef ykn ammoo xiyyeeffannoo akka arganneef tahuu danda'a jedhee tilmaama. Namoota hedduuf gaaffii kan tahe akkamitti lammiin Itoophiyaa tokko fedha isaatiin Raashiyaaf duuluu barbaadee dhaqee hiriira kan jedhudha. "Abdii dhabuu" Amaaran akka murteessu kan godhe sababni guddaan abdii dhabuu isaa ta'u dubbata.
Innis yoo gabaabsee ibsu ''namni tokko abdii gaafa dhabu [Raashiyaaf duuluu miti] ofiyyuu ni ajjeesa'' jechuun ibse. Sababootni kaan garuu hin jiran jechuu miti. Raashiyaan michuu Itoophiyaa gaafa rakkinaa waan taateef oolmaa ishee kaffaluuf duulla kan jedhanis jiru. Bu'aa duula miidiyaadhaan biyyoota Lixaa fi diimokiraasii irratti gaggeeffamees tahuu danda'a. Namni miidiyaa YouTube Yeneta jedhamu tokko irratti dhiyaachuun kan dubbate ajajaan Dhibbaa Balaay Gidaay, ''ani hojii barbaachaaf miti, doolaara barbaachas miti kaniin Raashiyaaf duulu'' jedhan. Raafama siyaasaa addunyaa sababni tokko biyyoota Lixaa tahuu himuun, Raashiyaan garuu gidduugaltummaa akkasii keessa akka hin jirre himu. ''Raashiyaan michuu Itoophiyaati, biyyi sun anarraa waan barbaaddu yoo jiraate qophii tahuukoo agarsiisufan gara Imbasii isaanii dhufe,'' jedhe. Miidiyaan Turkii Anadolu jedhamu waraana Itiyoo-Eertiraa irratti hirmaachuu isaanii kan ibsan ajajaa kudhanii Taarraqeny Waasee dhiyeessee ture. Isaan ammoo Raashiyaaf jaalala addaa akka qaban himuun galii gaarii kan argamsiisu yoo tahe deemanii waraana gargaaruuf akka duubatti hin jenne himan. Namootni hedduun naannoo Imbaasii Raashiyaatti hiriiran muuxannoo loltummaa kan qabanii fi kaan ammoo baratanii eebbifamuun hojii kan dhaban tahuu taajjabneerra. Amaaran erga barnoota isaa xumurees humna waraanaa addaa nannoo Amaaraaf galmeen yommuu eegalamu galmaa'ee, ji'a saddeetiif leenjii fudhatee ture. Boodarra yeroo karoorri nuti itti hundeeffamnee fi galmi keenya yeroo daandirra kaatu hundi keenya gadhiifne bane jedhe. ''Amma ani ejjennoo Raashiyaa waanan deeggaruuf miti, achittii du'uu nan danda'a garuu abdii waanan kutadheef dursanii miindaa waggaa lama nii kaffalu waan jedhameefan kana murteesse.
''Amma ani ejjennoo Raashiyaa waanan deeggaruuf miti, achittii du'uu nan danda'a garuu abdii waanan kutadheef dursanii miindaa waggaa lama nii kaffalu waan jedhameefan kana murteesse. ''Maallaqichaan maatikoo gargaaru nan danda'a, tarii ammoo namni hundi waraana irratti waan hin duuneef, tarii lubbuun oolee nagaan deebi'ee anaafis darbu danda'a.'' Itti dabaluun haala as jiruun, qaamni kallattiin dhufee si lolu hin jiru, sababa siyaasan namni tokko haala hin yaadneen sababa malee bakka hedduutti du'aa waan jiruuf, duuti eessayyu jira ilaalcha jedhutu jira malee ejjennoo Raashiyaa deeggaruu miti jedhe. ''Namni jalala biyyaaf yoo gatii irraa argatuuf jedhee waranaaf ni hiriira. Abbootiin keenya waraana Kooriyaa keessatti hirmaataniiru. Amma haala biyya keessa jiruun gara qaama tokkootti goortee loluunkee hin oolu, kanaaf duutii kan hin oolle yoo ta'e, maatiikeef gatii wayiillee buufte yoo duute wayya.'' Amaaran amma Imbasii Raashiyaa irraa guyya guyyaan bilbila eeggachaa akka jiru hime.
Namoonni maaliif of-ajjeesuu yaadu? Of-ajjeesuun sadarkaa addunyaatti sababa ijoo du’a namootaaf ka’umsa ta’an keessaa isa tokko. Addunyaarratti dargaggoonni sababa ijoo ittiin lubbuu isaanii dhaban keessaa of ajjessuun sadarkaa sadaffaarratti argama. Itoophiyaa keessatti of ajjeesuun akka dhimma yaaddessaa ta’eetti hin ilaalamu, garuu namoonni lubbusaanii balleessan ni jiru. Dhimma kanarratti qo’annoon gahaan qoratame hin jiru, akkasuma beeekumsi hawaasni of ajjeesuu ilaalchisuun qabu gadaanaa ta’uu isaatiin duuti namoota hedduu otoo hin himamiin dhokatee hafa. Miseensi maatii tokko of ajjeese taanaan ''namoonni maal naa jedhu'' jedhanii sodaachuu irraa kan ka’e ni dhofkama ykn sababa biraatiin du’e jedhanii ibsuuf yaalama. Kun rakkoo of-ajjeesuu ittuu hammeessa. Kanaafuu namni tokko ifatti rakkinicha ibsuu dhabuun namoonni sababa maaliif of ajjeesa jedhanii akka hin gaafannee fi namoonni akka irraa hin baranne taasisa. Yuunvarsiitii Jimmaatti barsiisaan Saayikoloojii Dr Eliyaas Gabruu akka jedhanitti, qorannoo gahaan gaggeeffame dhabamullee, Itoophiyaa biyya namoonni amantii qaban itti heddumatu keessatti namoonni of ajjeesan lakkoofsi isaanii xiqqaadha jedhan. Kanaaf sababni ijoon amantaa Islaamaa fi Kiristaanaa biratti of ajjeesuun akka cubbuutti lakkaa’amuu isaati. Amantiiwwan hundi of ajjeesuu dhorkuu irraan kan ka’e maatiin miseensi isaanii keessa of-ajjeese dhimmicha namoota birootti akka hin himne taasifama. Weerara Covid-19 hordofee garuu, lakkoofsi namoota of-ajjeesanii haala yaaddeessan dabalee akka ture kan dubbatan Dr Eliyaas, weeraricha hordofee lammileen Itoophiyaa lakkoofsi isaanii salphaa hin taane of- ajjesuuf yaadaniiru, kaan yaalaniiru, kaan isaanimmoo of-ajjessan jedhan. ‘’Naannoon ani jiraadhutti ji’a lama keessatti qofa dargaggoonni torba of ajjeesaniiru.
Dabalataan namoonni kan hin himnee fi namoonni biroo kan hin dhageenye lakkoofsi namoota du’anii kanaan olitti galmaa’u akka danda’u, tilmaamuun ni salphata,’’ jedhan. Maaltu namoonni lubbuusaanii akka balleessan kakaasa? Ogeeyyiin Saayikoolojii akka jedhanitti, namoota of ajjeessan keessaa harki 90 ol jeeqamuu xiinsammuu yeroof turu ykn itti fufiinsa qabuun namoota miiidhaan irra qaqqabe. Of ajjeesuu ykn waa’ee of-ajjesuu yaaduun irra caala fayyaa sammuu waliin walqabata. Dr Eliyaas’’mukaa’uu garamalee fi dhiphinni gara of miidhuutti akka adeemaniif bu’uura ta’u, dhibeewwan sammuu sirnaan hubachuufi wal’aanuu dandeenyaan lakkoofsa namoota of-ajjeesanii hir’isuun ni danda’ama,’’ jedhan. Mallattoolee ijoo namarratti mul’atu; mukaa’u garmaalee, dhiphinni sababa quubsaa hin qabne, miirri qophummaa namatti dhaga’amuu fi irra deddeebiin of ceepha’uu, ani homaa hin fayyadu jedhanii yaaduu, abdii kutachuu, nama na gargaaru hin qabu jedhanii yaaduu, dadhabuufi humna dhabuu, haalli hirribaa jeeqamuu[sa’aatii dheeraa rafuu ykn hirriba dhabuu], hojiifi dhimma dhuunfaaf xiyyeeffannoo kennuu dadhabuu fi fedhiin soorataa xiqqaachuun fa’aati. Yeroo hedduu egereen keenya maaltu ta’a jedhanii yaadda’uun dhiphina cimaaf ta’uu mala. Yeroo tokkotti waa’ee dhimmoota hedduu yaadanii dhiphachuu garuu hojii dhiisanii taa’anii yaadda’uun amma jireenya keenya jeequutti gahuu mala. Rakkooleen fayyaa sammuun kunneen hojii, barnoota, hariiroo jaalalaa fi hariiroo maatii fi hiriyoota keenya waliin qabnu garmalee balleessa. Dhiphinni hamaa fi mukaa’u garmaleen walqabate kan dhufu yoo ta’u, yeroodhaan wal’aansa yoo hin arganne garuu namoonni gara of ajjeesuutti geessuu mala.
Qaama hawaasaa kamtu of ajjeesuuf saaxilamaadha? Dr Eliyaas akka himanitti, namoonni umrii dargaggummaa gara jalqabaarra jiranii fi gaheeyyiin umriin isaanii ganna 40 fi 50 keessa jiru of namoota of –ajjeeesan keessaa lakkoofsaan olaanaa qabu. Ijoolleen umriin isaanii ganna 10 ol jiran eenyummaa isaanii baruu yeroo itti jalqabanii fi gaaffiiwwan jireenyaa deebiisu yeroo itti jalqaban waan ta’eef dhiibbaa guddaa keessa seenu jedhan. ‘’Ijoollee ol adeeman hanga umriin isaanii ganna 20 guututti ofii isaanii kan itti baran, eenyummaan isaanii yeroo itti qaramu waan ta’eef haala keessa jiran hubachuuf rakkisuu mala. Keessaattuu gama barnootaa, hariiroo maatii, koorniyaa faallaa waliin hiriyummaa horachuu ilaalchisee haalonni geeddaramuufi hubachuuf isaan rakkisuu mala,’’ jedhan. Jijjiramoota fi adeemsa of barbaadanii argachuurratti kanarratti ijoolleen ol guddata jiran miira isaanii to’achuu dadhabuu, dafanii abdii kutuu fi namni na gargaaru hin jiru jedhanii yaadu eegalu malu. Ijoolleen ol guddatan kunneen umrii isaanii kanatti waa baayyee yaalu, akkasumallee ni gaafatu. Ijoolleen ol adeeman kunneen sadarkaa hubannoo isaanitti gaaffii gaafataniif deebii yoo hin arganne hiikaan jireenyaa harkaa baduurraan kan ka’e dhiphina kanarra otoon du’e wayya jedhanii murtessuutti gahuu malu. ‘’Umrii kanatti hawaasni to’annoofi dhiibbaa guddaatu isaanirra gaha, ijoolleen ol guddatan ofii isaanii caala hiriyummaa fi hariiroo maatii waliin qabaniif bakka guddaa kennu. Gabaabummaatti, umrii kanatti dhiibbaa namoota naannoo isaanii jiranii jala seenu, ‘‘ofii isaanitiif waa baayyee murteessuu hin danda’an‘’ jedhan. Kana irraa kan ka’e waanti isaan dhiphisuu to’annoo isaanii ol yoo ta’e, dafanii abdii kutanii of ajjesuutti deemu malu jedhan. Gama biraatiin, naannoo umrii kanatti gosonni dhibee sammuu hedduun yeroo mul’achuu itti eegalanidha.
Dhibeewwaan sanyiidhaan daddarbaniifi dhibeewwan sammuu biroon dhibee ta’uun isaanii mul’achuu kan eegalan umrii kanatti. Seensa umrii dargaggummaa kanarratti dhiibbaa hiriyaatiin dargaggoonni araada gara garaa keessa seenuun dhiibbaa jireenya isaaniirratti akka uumu dagatamuu hin qabu jedhan Dr Eliyaas. Ijoollee ol adeemaniifi seensa umrii dargaggummaarratti argaman warri isaaniifi hawaasni haala irra jiran hubachuun deeggarsa gochuufi akka qaban Dr Eliyaas akeekkachisaniiru. ‘’Ijoolleen ol adeemaan kunneen waan barbaadan akka qabaniifi waa wal bira madaaluu akka danda’an hawaasni hubachuu qaba. Waan haaraa akka hin yaaalle seeran ala dhorkuu fi garmalee to’achuun murtoo sirrii hin taane akka fudhatan isaan dhiiba,’’ jedhan. ‘’Ijoolleen ol adeeman jireenya isaanii keessatti kallattii ofii barbaadan akka argatan deeggaruu irra kan darbe, duchuumatti dhorkuu fi kan nuti jenne qofa raawwadhu jechuun miidhaa fidutu caala, ijoollee umriin isaanii seensa dargaggummaarratti argamuuf amantii fi bilisummaan isaaniif murteessaadha’’ jedhan ogeessi kun. Ijoolleen ol guddataa jiran sammuun isaanii bilchataa wayita adeemu dhimmoota amantii, barnootaa, hariiroo jaalalaafi karoora isaanii gara fuulduraarratti gaaffiin dhiyeessan hubachuuf isaan rakkisuu mala. Maatiifi hawaasni kana hubachuun yoo hin deeggarre abdii kutachuu malu. Umriin namoonni of ajjeessan guddaan galmaa’u kan biraan ga’eeessummaadha. Namoonni umrii kana keessa jiran yeroo hedduu jireenyi isaanii keessatti waan dalaganitti gammadoo kan hin taanee fi gaabbii keessa seenuutu irraa mul’ata. ‘’Dubaati deebi’anii jireenya isaanii ilaalanii gaddu, murtoo fudhatanitti gaabbuun dhiphina fi muk’aa’uu garmalee keessa seenu,’’ jedhan. Itti gaafatama jiruu hawaasummaa Dr Eliyaas akka jedhanitti, namoonni of ajjeesan ykn kan of balleessuu yaadaniif sababoota ijoo lamarraa ka’uuni jedhan.
Itti gaafatama jiruu hawaasummaa Dr Eliyaas akka jedhanitti, namoonni of ajjeesan ykn kan of balleessuu yaadaniif sababoota ijoo lamarraa ka’uuni jedhan. Sababni jalqabaa jeeqamuu fayyaa sammuu asii olitti ibsaman yoo ta’u, inni lammaffaan garuu ta’iin gaddiisiisaa ykn riifaasisan tasa yoo uumamedha jedhan. ‘’Akka tasaa namni tokko namoota biraa waliin yeroo waldhabutti ykn waanti isa dhiphisu yeroo isa mudatu kanaa manna du’a wayya jedhu yoo isin mudate akka laafutti bira hin tariina. Maatii ykn hiriyoonni itti dhiyaatan sababa yeroo heddu du’a hawwan itti dhiyaatanii hubachuu qabu, sana booda gargaaruu yaaluu qabu,’’ jedhan. ‘’Hawaasa keessatti akka qoosaatti fakkeenyaaf yaa rabbii ati na fudhu kana caala nagahe, wayita jechuu wayita baayyisan amufii yeroo muraasaafi du’a barbaadeti jedhanii qorachuu ‘’ jedhan. Gama biraatiin kanaan dura nama of ajeessuuf yaale yoo ta’e maatiifi namoonni itti dhiyoo jiran biroon dammaqisan eeguu qabu. Namoota amalli isaanii haala duraan hin baratamneen gegeeddaramu, callisa baayyisan, hirriba dhaban fi hedduu dhiphatan itti dhiyaatanii gaafachuun ifatti waliin haasa’uun barbaachisaa akka ta’e ogeeyyiin ni hubachiisu. Namoonni nama jaalatan of biraa dhaban, qabeenyi isaanii jalaa manca’e ykn qormaata kufan carraan of-ajjeesuu yaaduu isaanii guddaa waan ta’eef namoonni isaaniitti dhiyaatan hordofuutu irraa jira jedhan ogeessi kun.
Imbaasiin Raashiyaa gaaffiiwwan loltummaaf galmeessu kamiyyu hin simadhu jedhe Imbaasiin Federeshinii Raashiyaa Finfinneetti argamu ibsa Kibxata Ebla 19, 2022 baaseen, gaaffiiwwan qacarrii loltummaa kamuu hin simadhu jedhe. Ibsi imbaasichi kenne kunis kan dhagahame erga lammiilee Itoophiyaa hedduun kan 'deeggarsa isaanii karaa barbaachisaa ta'e' hundaan Raashiyaa cinaa akka hiriiran agarsiisuuf imbaasicha biratti mul'ataniin booda. Gabaasaan BBC naannawa imbaasichaa socho'uun akka hubateetti, dargaggoonni hedduun sandiiwwan qabachuun hiriira galanii argeera. Dargaggoota karra imbaasiichaa irra dhaabbachuun eeggataa turan keessaa BBCn kan dubbise dargaggoon tokko, miindaa gaariidhaan loltummaaf ykn hojiidhuma argameef mindeeffamuuf achi akka dhaqe dubbachuun, ''Raashiyaa nan jaaladha'' jedheera. Namoonni BBC dubbise kan biroos gama isaanitiin, Raashiyaatti mindaa olaanaadhaan qacarriin akka jiru dhageenyeerra jedha. Gaafa Ebla 18, 2022 BBC dhimma kanarratti dubbisee kan ture Dubbii Himtuun Imbaasichaa Maariiyaa Charinukiinaa ''karaa barbaachisaa ta'e hundaan'' Raashiyaa cinaa ni dhaabbanna kan jedhan lammiilee Itoophiyaa hedduun gara imbaasii isaanii dhaqaa jiraachuu dubbatanii ture. Haata'u malee, imbaasichi waraana Raashiyaafi Yukireeniif lammiilee Itoophiyaa qacaruuf karoora akka hin qabne dubbi himtuun tun himte turte. Imaasichi erga waraanni eegalamee booda lammiileen Itoophiyaa qaamaafi karaa Iimeeliitiin ergaawwan erguufiin deeggarsa Raashiyaaf qaban ibsaa jiraachuu kan himan dubbii himtuun imbaasichaa, kunis obbolummaa biyyoota lamaan jidduu kan hin cabneedha jechuun ibsanii ture. Haaluma walfakkaatunis ibsa Imbaasichi kaleessa baaseen, waraana biyyattiin Yukireen waliin gaggeessaa jirtu Raashiyaan ofumaan gahuumsaan akka milkooftu amantaa kan qabu ta'u ibsuun, gaaffiiwwan deeggarsaa dhiyaataa jiraniif ulfina qabaachuu ibseera.
Haaluma walfakkaatunis ibsa Imbaasichi kaleessa baaseen, waraana biyyattiin Yukireen waliin gaggeessaa jirtu Raashiyaan ofumaan gahuumsaan akka milkooftu amantaa kan qabu ta'u ibsuun, gaaffiiwwan deeggarsaa dhiyaataa jiraniif ulfina qabaachuu ibseera. Imbaasichi UN irratti dhimmoota Raashiyaa ilaallatu irratti deeggarsa mootummaan Itoophiyaa Rashiyaaf agarsiisee kan dinqisiifamu jedheera. Imbaasichi Konveenshinii Veenaa bara 1961 kan kabaju ta'uu ibsuun, haaluma waliigaltee kanaatiin loltuu biyya biraatii gaggeessuun fudhatama hin qabu jedheera. Gama biraatiin ammoo Imbaasiin Yukireen kan Itoophyaatti argamu gama isaatiin ibsa Ebla 18, 2022 fuula miidiyaa hawaasaa isaarratti baaseen Raashiyaan dargaggoota Itoophiyaa loltummaaf wayita qacartu mul'ataa jiru ilaalchisee dhugaa jiruu hin dubbatan jedheera. Ibsichi dabalunis, Raashiyaan mirrii Yukireeniin injifatamuu waan itti dhagahameef ''dhoksaan dogongorsuufi tapha badaa taphachuuf yaalaa jirti'' jechuun komateera.
Itoophiyaan maaliif waadaa Atileet Solomoon Baaraggaaf seente raawwachuu dhabde? Atileet Solomoon Baaraggaa Komishinii Ispoortii Federaalaan badhaasni konkolaataa ji'oota torba dura kennameef ture hanga yoonaa harkasaa akka hin seenne BBC'tti hime. Sagantaan yeroos Masaraa Biyyaalessaatti qophaa'een konkolaataa birrii miiliyoona 3'tti siqu baastu harka Pirezidantii Itoophiyaa Saahilawarq Zawudee akka fudhate ibsamee ture. Solomoon Olompiki Tookiyoo 2020 irratti 10,000m'n medaaliyaa warqii waan argamsiiseef ture kan badhaafame. Warqiin biyyaaf fide warqii takkittii biyyattiin taphicharratti argattedha. Turtii BBC waliin taasiseen ji'a torba booda konkolaataa kan inni hin fudhatiin jiru sababa hanqina sharafa maallaqa alaan ta'uu hime atileetichi. Badhaasicha yeroos kan isaaf kenne Komishinii Ispoortii Federaalaa yoo ta'u, amma waajjirichi Ministeera Dargaggoofi Ispoortii ta'eera. Solomoon erga fudhata jedhame ji'a torba ta'us dhaabbilee kanarraa ammallee tumsa akka hin dhabne dubbata. ''Ministeeronni wal jijjiiraniiru. Namooni dhufan haaraadha. Anis 'eessa gahe?' jedhee hin gaafanne. Dhaabbati Moenco ni galcha jedhamee ture. ''Akka natti fakkaatutti dhaabbatichi konkolaaticha galchuuf sharafa alaa argachuu hin dandeenye. Inumaa karaa ani fedhuun na tumsaa jiru,'' jechuun BBC'tti hime. Ministir Di'eetaan Ministeera Aadaafi Ispoortii Ambaasaaddar Masfin Charinnat, badhaasi atileetichaaf waadaa seename hanqina sharafa alaan hanga yoonaa isaaf hin kennamne jedhan. Badhaasa injifannoo isaa qixxaatu erga murtaa'e booda ''konkolaataan filatame biyya keessa waan hin jirreef bajati qabamee akka dhihaatuuf murtaa'eeti sagantaan kan taasifame,'' jedhan.
Atileetichi injifatee biyyatti deebi'a qophiin jedhu hin turre. Haa ta'u malee, injifatee akkuma biyya seene badhaasi kabaja biyyaan qixxaatu taasifamuufi qaba ture. Sababa kanaaf, modeelli konkolaataa barbaadame filatamee qophiin taasifame. Dhaabbati Moenco ''amma konkolaataa of harkaa hin qabu alaa nan fida,' jedhe. ''Sagantaa badhaasaa irratti konkolaataan mul'ate waadaa kan seenameef malee kan isaaf kenname miti,'' jechuun Ministir Di'etaan Ministeera Aadaafi Ispoortii BBC'tti himaniiru. Dhimma kana irratti waajjira Pirezidantii Itoophiyaa irraa yaada isaanii oduu kana keessatti dabaluuf yaaliin taasifne hin milkoofne. Pirezidantiin Itoophiyaa dorgomtoota Olompikiifi kaan masaraa biyyaalessaatti simachuufi gaggeessuun waan yeroo dheeraaf adeemaa turedha. Atileet Solomoon Baaragaa badhaasni konkolaataa waadaa isaaf seename harka isaa seenuu dhabuus haala uumameen akka hin mufanne BBC'tti himeera. ''Haala biyyattiin keessa jirtun walqabatee sharafni alaa waan hin jirreef malee wanti biraa dhalatee miti. Kiyya xiqqoo ture malee atileetota ana dura turaniis mudateera. ''Ni harkifata. Tureeti kan isaaniif [illee] kenname,'' jechuun hime. ''Baay'ee na tumsaa jiru, hordofaa jiru. Callisaniiti Fesbuukii irratti kan odeessan. Ani komiin galche hin jiru. Yeroo biyya keessa haalli hin sirroofne kanatti konkolaataan naaf hin kennamne yeroo jedhan miti.'' Atileet Solomoon gatiin konkolaataa kennamuufiif ture itti kennamee, ofii isaatiin sharafa alaa qabuun alaatii qaraxa malee galchuuf Ministeera Aadaafi Ispoortii waliin mari'ateera. Ministeerichis tumsa gochaafi akka jiru hime. ''Qaraxa malee akkan galchuuf xalayaan Ministeerri Ispoortii barreesse yeroo ammaa Ministeera Maallaqaa jira,'' jechuun BBC'tti hime.
Haaluma wal fakkaatuun, Ambaasaaddar Masfiin Charinnat gaaffii Atileet Solomoon bu'uura godhachuun waajjirri isaanii tumsa akka jiru himan. Kunis, qarshiin bittaa konkolaataaf oolu kennameefi sharafa alaa isaan qaraxa malee konkolaataa alaa akka galchu xalayaa Ministeera Maallaqaaf barreessuun hordofaa himmisaa akka jiran ibsan. ALI Sagantaa Hagayya 27, 2013 Masaraa Biyyaalessaatti qophaa'e kan qopheesse Komishinii Ispoortii Federaalaa ta'uu yeroos miidiyaaleen mootummaa biyya keessaa gabaasaniiru. Sagantaa sana irratti atileetota Olompikii Tookiyoorratti meetii fidaniif birriin miiliyoona 1.5 yoo kennamu Nahaasa kan fidaniif badhaasni birrii miliyoona tokko akka kennamu ibsame. Qarshiin kuni qarshii kana dura kennamaa ture mara ni caala. Olompikii Tookiyoorratti gufachiisa 3000m'n meetii kan biyyatti fide Atileet Lammeechaa Girmaa badhaasni waadaa isaaf seename akka kennameef BBC'f mirkanesseera. Akkasumas 5000m fi 10,000m'n meetii kan argatan Gudaaf Tsaggaayiifi Lattasanbat Giday tokko tokko isaaniif badhaasni miiliyoona tokko akka kennameef nami isaanitti dhihoo jiru BBC'f mirkanesseera. Atileet Solomoon Baaragaa erga Olompikii Tookiyootii deebi'ee badhaasa konkolaataan ala magaalaa Walqixxeetti lafni kaare meetira 10,000 [hektaara tokko] akka kennamuuf ibsamee ture. Kunis, sagantaa magaalaa Hawaasaa adeemsifameerratti ibsame. Haa ta'u malee, badhaasni kunis harka atileetichaa hin seenne. ''Lafichi magaalaa Walqixxeetti argama. Kaare meetira 10,000 dha. Isas bakka filataa jiru. Bilbilaan waliin haasa'aan jira. Bakka bareedaa filataa jiru. ''Gaafa xumurre siif bilbilla naan jedhaniiru, bilbila isaanii eegaan jira,'' jechuun haala irra jiru BBC'tti himeera.
''Gaafa xumurre siif bilbilla naan jedhaniiru, bilbila isaanii eegaan jira,'' jechuun haala irra jiru BBC'tti himeera.
Buufata baqattootaa UN Naannoo Amaaraa Daabaat jirutti haleellaan raawwatuun ibsame Buufanni baqattootaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii (UN) Naannoo Amaaraa, Kaaba Gondar magaalaa Daabaatitti argamu kan irra hedduu baqattoonni Eertiraa Tigraay turan keessa jiraatan hidhattootaan haleellaan irratti raawwatu UN hime. Dhaabbati UN dhimma baqattootaa hordofu, UNHCR, baqattoota Naannoo Tigraay keessa turan bakkee nagaa fooyyee qabutti qubachiisuuf ture buufata kana kan hundeesse. Kana dura baqattoonni Maayi Tsabirii bakkeewwan Maay Ayniifi Addi Haruush dahatanii turan buufata haaraa kanatti fidamuu UN ibsee ture. Dhaabbatichatti Dubbii Himtuun Bahaa Afrikaafi Gireet Leekis Feeyiz Kisingaaa torban darbe gaafa Sambataa galgala haleellaan raawwatuu himan. Hidhattoonni kunneen buufaticha seenanii haleellaa raawwataniin baqattoonni saddeet rasaasaan rukutamuun akka madaa'an ibsan. Kanneen miidhaman wal'aansa fayyaa akka argataniifi haala gaarirra akka jiran himan. Hidhattoonni kunneen lakkofsaan jaha akka ta'an kan ibsan yoo ta'u sababa kana raawwataniif garuu hin ibsine. Haleellaa booda guyyaa itti aanu aangawoonni UNHCR fi eejansiin Itoophiyaa dhimma baqattootaa hordofu bakkicha dhaquun nageenya baqattootaa irratti mootummaa waliin haasa'u isaanii ibsaniiru. Eenyummaan hidhattootaa kanaa akka hin beekamneefi poolisiin dhimmicha qorataa akka jiru ibsan. Haalli baqattoonni Ertiraa Naannoo Tigraay Maayitsabirii keessa jiran hammaataa ta'u kanneen gara buufata baqattootaa Daabaat dhufan BBC'tti himaniiru. Dubbii Himtuun UNHCR gama isaaniin buufata baqattootaa lama Maayitsabrii argamanitti baqattoonni 22,500 akka jiran ibsaniiru. ''Haala rakkisaa keessa jiru. Haalli isaa yeroodhaa yerootti hammaataa dhufeera,'' jechuun haala baqattoonni Ertiraa Maay Ayniifi Addi Haruush keessa jiran ibsan. Itti dabaluunis abdii deeggarsa namoomaaf jecha mootummaan federaalaafi finciltoonni Tigraay waliigalaniirratti abdii qaban ibsaniiru.
Itti dabaluunis abdii deeggarsa namoomaaf jecha mootummaan federaalaafi finciltoonni Tigraay waliigalaniirratti abdii qaban ibsaniiru. Kaampiiwwan lamaan keessa haqinni bishaan qulqulluufi soorataa jiraachuu kan gaafataman qondaalli UN kuni baatii Guraandhalaa keessa gargaarsi geeffamuu himan. Qondaaltota bakkichaa waliin mari'achuun midhaan metirik toonii 290 bakkeewwan Tigraay garagaraa irraa gara Shiree akka adeemu gochuu isaanii ibsu. Baqattoonni sababa waraanaan haleellaa garagaraaf saaxilamuu isaaniin lafa nagaa qabu akka jijjiiraman gaafataa akka turan ibsan. ''Bakki baqattoonni jiran nageenyi isaa kan hin eegamne waan ta'ef bakka biraatti geessuu hin dandeenye. ''Baqattoota bakka biraa geessuuf ulaan nagaa qabu akka jiraatu mootummaa waliin haasa'aa jirra,'' jedhan. Osoo lolli Tigraayitti ALI Onkololeessa 24, 2013 hin eegaliin dura lammiileen Ertiraa 100,000'tti siqan buufatawwan afur Naannoo Tigraay keessa jiran keessatti jiraataa turan. Kunneenis Addi Haruush, Maay Aynii, Shimalbaafi Hitsaas jedhamu. Haa ta'u malee, erga lolli eegalee booda qaami isaaniif eegumsa godhu waan hin turreef lola tureen kan du'an, kan madaa'an akkasumas qabeenyis barbadaa'u dhaabbileen mirga namoomaa ibsaa turani. UN gama isaatiin baqattoota kanneen keessaa loltoota Ertiraan dirqiin gara Ertiraa kan fudhataman jiru jedhee ibsee ture. Lammiileen Ertiraa dirqama biyyaalessaafi 'bulchiinsa abbaa irree' baqachuun gara Itoophiyaa baqatu. Yeroo lolli Tigraayitti eegale baqattoonni kuma kudhaniin tilmaamaman Finfinnee dabalatee bakkeewwan biyyattii gara garaatti baqataniiru. Walumaagala Itoophiyaa keessa baqattoonni lammiilee Ertiraa ta'an 200,000 ol akka jiran himama.
Kibba Oomoo: Jiinkaatti walitti bu'iinsa uumameen namni tokko ajjeefame, qabeenyi manca'e Guyyoota muraasa darban Godina Kibba Oomoo magaalaa Jinkaa fi naannawa magaalichaatti gaaffi godina ta'uun walqabateen walitti bu'iinsa uummataa fi qaamolee nageenyaa jiduutti uumameen lubbuun nama tokkoo darbuu bulchaan godinichaa BBCtti himan. Lubbuun namaa tokkoo darbee, namoota biroorra miidhaan dhaqqabuu fi qabeenyis mancaa’uu himan Obbo Nigaatuu Daansaa. "Jinkaafi naannoo isheetti miidhaan manarra dhaqqabeera. Manni gubateera, konkolaattootarras miidhaan dhaqqabeera. Miidhaan dhaqqabe hangam akka ta’e garuu waan hin qulqulleessineef hammasi jechuu hin danda’u," jedhan. Obbo Nigaatuun akka jedhanitti, qaamolee nageenyaa mootummaatu jeequmsa mudate to’ate. Godina Kibba Baha Oomoo keessa sab-lamootni 13 ol ta’an kan keessa jiraatan yoo ta’u, Jinkaan magaalaa guddoo godinichaatti. Guyyoota muraasa darban keessaa jeequmsa magaalichatti dhalate hordofee namooonni eenyummaa isaaniitiin fo’amuun qabeenyisaanii jalaa manca’uu gabaasaleen agarsiisaan miidiyaalee hawaasarraatti qoodamaa turan. Bulchaan godinichaa akka himanitti, sab-lammiin Arrii godinicha keessa jiraatan sadarkaa godinaatti gurmaa’uuf gaafatanii turan. "Sadarkaa godinaatti gurmaa’uun adeemsarra jira. Kana qofayyuu miti, Kibbi Oomoo addatti naannoo ta’ee gurmaa’uuf mana maree naannoo Kibbaaf gaaffii dhyeesssera," jedhan. Kana malees Kibba Oomoo keessa sab-lammoonni jiraatan biroos aanaa fi godina ta’anii gurmaa’uuf gaaffii dhiyeessaniiru jedhan. "Uummanni Arrii sadarkaa godinattin gurmaa’a, ulaagaalee mootummaan baase nan guuta gaaffii jedhu dhiyeessaniiru, gaaffichi rakkoo hin qabu jechuu miti, taaatullee gaaffii caaseffama mootummaa gaaffii bulchiinsa gaarii akka ta’eettin ilaala" jedhu.
"Uummanni Arrii sadarkaa godinattin gurmaa’a, ulaagaalee mootummaan baase nan guuta gaaffii jedhu dhiyeessaniiru, gaaffichi rakkoo hin qabu jechuu miti, taaatullee gaaffii caaseffama mootummaa gaaffii bulchiinsa gaarii akka ta’eettin ilaala" jedhu. "Amma dhimmoota biyyaalessaatu jira yeroo jedhametti, gaaffii Arrii raawwachiifna hayyoonni jedhaniifi namoonni siyaasaa gaaffichi dhorkameera jechuu isaaniirraa kan ka’een jeequmsi ka’e," jechuun haala ture ibsan. Obbo Nigaatuun haalli jeequmsa Jinkaatti ka’ee turee yeroo ammaatti to’atamee, magaalittiin sochii idileetti deebi’aa jiraachuu himaniiru. "Karaaleen cufaman jiru. Karaaleen akka banaman hojjataa jirra. Magaalicha haala duraan turtetti deebisuuf yaalaa jirra," jedhan.
Waa'ee Obbo Galaasaa Dilboo aanga'oonni mootummaa fi kaan maal jedhan? Qabsaa'aan Oromoo gameessi Obbo Galaasaa Dilboo du'aan boqochuutti gaddasaanii kan ibsatan qondaaltonni Itoophiyaa fi namoonni bebbeekamoon kaan, duuti nama kanaa biyyattiif miidhaa guddaadha jedhan. Ministirri Muummee Itoophiyaa Abiy Ahimad gaddasaanii erga ibsatanii booda, akkatti Obbo Galaasaa beekan akkanaan ibsan. ''Obbo Galaasaan yeroo warraaqsa barattootaarraa eegalee bilisummaa fi walqixxummaa uummata Oromootiif guddoo qabsaa'aniiru,'' jedhan. ''Keessumaa yeroo qabsoof Somaalee keessa turanitti rakkoofi gidiraa hedduu akka dabarsan natti himanii turan.'' Obbo Galaasaa Dilboo qondaaltota siyaasaa jijjiirama biyyattii keessatti dhufeen affeeramanii gara biyyaatti deebi'uun qabsoo karaa nagaatti seenan keessaati. Filannoo Itoophiyaa bara 2021 irrattis dhuunfaan dorgomuun miseensa paarlaamaa ta'aniiru. ''Hamaafi gaarii bu'aa bayii qabsoo keessatti isaan mudate kaasuudhaan dargaggoonni lamaanirraayyuu akka baratan ifaajaa turaniiru,'' jedhan MM Abiy. Obbo Galaasaan boqochuun biyyattiif kasaaraa guddaadha, keessattuu ammatti baayyee barbaachisu turan jedhan Ministirri Muummee Abiy. ''Obbo Galaasaan nama callisan, hubataa, waan godhan kan sababaan madaalaniifi dubbii nagaaf eenyummaa mijatu nama qaban turani. Obbo Galaasaa kan dhabne yeroo itti baay'ee nubarbaachisanittidha. Waaqayyoo lubbuusaanii nagaadhaan haa boqochiisu.'' Afa-yaa'iin Mana Maree Bakka Bu'oota Uummataa Itoophiyaa Obbo Taaggasaa Caafoo, miseensi mana marichaa fi hayyu dureen duraanii ABO Obbo Galaasaa Dilboo du'aan boqachuutti gadduu ibsaniiru. Caffeen Oromiyaas qabsaa'aan Oromoo gameessi, Obbo Galaasaa Dilboo boqachuu isaanitti gadduusaa ibseera.
Caffeen Oromiyaas qabsaa'aan Oromoo gameessi, Obbo Galaasaa Dilboo boqachuu isaanitti gadduusaa ibseera. Af-yaa'iin Caffee Oromiyaa Aadde Sa'aadaa Abdurahmaan: ''Qabsaa'aan Oromoo gameessi, cunqursaa halagaaf falli qabsoo hidhannooti jedhee kaleessa saba isaarraa falmaa ture, Hayyuu Dureen duraanii ABO, Miseensi Mana Maree Bakka Bu'oota Uummataa har'aa, Jaal Galaasaa Dilboo dhibee tasaa isaan mudateen lubbuun darbuu isaaniitiin Caffeen Oromiyaa gadda guddaan kan itti dhagahame tahuu,'' ibsaniiru. Pireezidantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa boqochuu Obbo Galaasaa Dilboon gadda itti dhagahame ibsanii, duuti qabsaa'aa buleessa kanaa akka birbirsa jigeeti jechuun ibsan. "Oromiyaan birbirsa cimaa tokko dhabdee jirti. Gameessa qabsoo bilisummaa Oromoo, jabaa gaafa rakkoo umriisaa guutuu Oromoof wareege, Jaal Galaasaa Dilboo du'aan addunyaa kanarraa boqochuun gadda cimaa natti dhagahame ibsaa Ummata Oromoo maraaf jajjabinan hawwa,'' jedhan. Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanach Abeebee gamasaaniin ''Umrii isaa guutuu bilisummaa uummataaf qabsaa'aa kan jiraate, namni siyaasaa hangafni Obbo Galaasaa Dilboo lubbuun darbuu isaaniitti gaddi guddaan natti dhaga'ameera,'' jedhan Aadde Adaanach dhaamsa karaa miidiyaa hawaasummaasaanii dabarsaniin, ''Uummata keenya guutuuf, firoottan isaaniifi maatii isaanii hundaaf jajjabina onneerraan hawwaaf,'' jedhan. Barreessaa Olaanaan IGAD Worqinaa Gabayyoo (PhD) ''Umurii isaanii guutuu qabsoo Oromootiif kan gumaachan Obbo Galaasaa Dilboo, Hayyu dureen duraanii ABO fi qabsaa'aan gameessi Oromoo, du'aan boqachuu isaaniitti gaddi natti dhaga'ame guddaadha. Lubbuun isaanii jannatatti haa qananiisu,'' jechuun gaddasaanii ibsan. Namni siyaasaa gameessi Oromoo, qondaalli Kongireesii Federaalawaa Oromoo Obbo Jawaar Mohaammad, Obbo Galaasaa Dilboo ifaajee umrii guutuu saba kanaaf gooteef galanni kee jannata haa ta'u! nagaan boqodhu,'' jechuun ergaa gaddasaa ibsuu agarsiisu karaa feesbuukii isaa maxxanseera. Obbo Galaasaa Dilboo dhibee tasaan halkan edaa Bitootessa 30, 2022 boqochuu maatiin BBC'f mirkaneessaniiru.
Mootummaan Itoophiyaa lammiileesaa Sa'uudii Arabiyaarraa deebisuu eegale Itoophiyaan guyyaa har'aa (Roobii, Bitootessa 30, 2022) lammiileeshee Sa'uudii Arabiyaarraa deebisuu eegaluushee Ministeerri Dhimma Alaa biyyattii hime. Guyyaa Roobii baqattoonni 498 ta'an wayita Buufata Xiyyaaraa Idil-addunyaa Boolee ga'an qondaaltota mootummaa biyyattiin simatamaniiru jechuun Ministeerri Dhimma Alaa miidiyaa hawaasummaa isaarratti barreesseera. Baqattoota Sa'uudii Arabiyaarraa gara biyyaa deebifaman dandamachiisanii daandii qabsiisuu kaayyeffatee kan hundaa'e Koreen Biyyaalessaa, hojii lammiilee kunneen deebisuu guyyaa har'aa akka eegalu kanaan dura beeksisee ture. Koreen miseensota 16 irraa ijaarame kun Wiixata darbe dhimma kana ilaalchisee mari'atee ture. Koreen baqattoota Itoophiyaa Sa'uudii Arabiyaa jiran 100,000 caalan ji'oota 7 hanga 11 keessatti deebisanii xumuruuf karoora akka qabu Ministeerri Dhimma Alaa gabaasa isaa keessatti eereera. Dubbi himaan Ministeera Dhimma Alaa Ambaasaaddar Diinaa Muftii kana dura himanii akka turanitti, lammiilee Itoophiyaa Sa'uudii Arabiyaatti dararamaa jiran biyyatti deebisuun yoomuu adda citee hin beeku jedhan. Garuu hojiin lammiilee kunneen gara biyyaatti fudhachuu haga tokko harkifatus, kana caalaa cimsanii hojjechuuf karoora akka qabanis himaniiru. Bara kana ji'a Amajjii darbe keessa jilli Ministira Maallaqaa Ahmad Shideen durfamu gara Sa'uudii Arabiyaa imaluun, haala qabiinsa baqattoota lammiilee Itoophiyaa irratti qondaaltota olaanoo mootummaa Sa'uudii waliin mari'atanii turan. Biyyi qabeenya boba'aan badhaate Sa'uudii Arabiyaan, baqattoota Itoophiyaa kuma dhibbaan lakkaa'aman keessummeessaa jirti. Lammiileen Itoophiyaan hedduun hojjetanii jiruusaanii fooyyessuuf jecha gammoojjii fi balaawwan uumamaa fi nam-tolchee hedduu qaxxaamuranii erga Sa'uudii Arabiyaa seenanii booda, achittis sababa eeyyama jireenyaan dararaa hamaaf saaxilamu.
Lammiileen Itoophiyaan hedduun hojjetanii jiruusaanii fooyyessuuf jecha gammoojjii fi balaawwan uumamaa fi nam-tolchee hedduu qaxxaamuranii erga Sa'uudii Arabiyaa seenanii booda, achittis sababa eeyyama jireenyaan dararaa hamaaf saaxilamu. Mootummaan Sa'uudii Arabiyaa lammiileen kunneen waraqaa jireenyaa hin qaban jechuun mana hidhaatti dararaa akka jiru, kanarraa kan ka'e fayyummaan isaanii haala rakkisaa keessa akka jiru baqattoonni yeroo garaagaraatti BBCtti himaa turaniiru. Lammiileen kunneen manneen hidhaa Sa'uudii Arabiyaatti nyaataa fi yaala fayyaa dhorkamuun lubbuusaaniif yaadda'aa akka jiraatan dubbatan. Haala hamaa fi dararama cimaa keessatti kufuu isaanii qofa osoo hin taane, eegdota manneen hidhaan akka reebaman, tuffataman fi arrabsaman baqattoonni fi kanneen mirga dhala namaaf quuqaman ibsaa turan.
Mootummaan Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO) 'ABO-Shanee' jedhee waamu gocha akkanaaf gaafatamoo yoo taasisu, WBOn garuu kana ni waakkata.
Lammii Itoophiyaa magaalaa Naayiroobiitti karaa irraa butamee 'miila Bakar Waaree' ta'e Sadaasa darbe viidiyoon bilbila harkaatiin waraabame wayita lammiin Itoophiyaa Saamsoon Takilamikaa'eel guyyaa saafaa yoo butamu agarsiisu marsaalee hawaasaa irratti hedduu qoodamee ture. Keeniyaa magaalaa Naayiroobii walakkaatti namoota eenyummaan isaanii hin beekamneen konkolaataa isaa keessaa erga buufamee booda konkolaataa biraa keessa akka seenu godhamee fudhatame. Baatilee afur boodallee namni kun akka 'miila Bakar Waaree' achi buuteen isaa hin argamne. Aanga'oonni Itoophiyaa fi maatiin Saamsoon qaamolee nageenyaa Keeniyaa irraa deebii hin arganne jedhu. Miilan Mazgaboo, haati warraa Saamsoon Takilamikaa'el, maatiin ammallee sodaa fi rifaatuu keessa akka jiran, ijoolleen ishii guyyuu waa'ee abbaa isaanii gaafachaa jiraachuu dubbatti. "Ijoolleen koo guyyuu dararamaa jiru. Viidiyoo wayita abbaan isaanii konkolaataa isaa keessaa harkifamee baafamee konkolaataa biraan fudhatamu agarsiisu arganiiru. Ergan guyyaa jalqabaa buufata poolisii Kilimaaniitti yaada koo kenne, poolisiin na dubbisee hin beeku. Namni tokko naaf hin bilbille." Saamsoon Takilamikaa'eel dhalataa Tigraay yoo ta'u Naayiroobii keessa maatii isaa waliin waggoota 17f jiraateera. Hojii daldala boba'aa Finfinneefi Nayiroobii jidduutti hojjetuun jiraataa akka ture maatiin ni himu. Keeniyaatti ambaasaaddarri Itoophiyaa Mallas Alam mootummaan Keeniyaa qorannoo gochaa akka jiru itti himuun ala odeeffannoo biraa akka hin qabne BBCtti himan. "Deebiin amma dura qabnu, imbasiin keenya hanga poolisiin biyyattii qorannoo goolabuutti haa eegu kan jedhudha. Ammallee odeeffannoo dabalataa eeggataa jirra," jedhan ambaasaaddar Mallas. Mootummaan Keeniyaa dhimmicharratti yaada akka kennu gaaffii BBC'n dhiyeesseef deebii hin kennine.
Mootummaan Keeniyaa dhimmicharratti yaada akka kennu gaaffii BBC'n dhiyeesseef deebii hin kennine. Gareeleen mirgoota namoomaaf falman Keeniyaa keessa jiran bara darbe yeroo kam caalaa namoonni humnaan dhabamsiifamuun dabaluu himu. Gochawwan akkanaa keessatti ammoo poolisiin Keeniyaa qooda qabaachuu dubbatu. Dubbi himaan poolisii Keeniyaa Biruunoo Shiyoosoo garuu kana ni waakkatu. Poolisiin Obbo Saamsoon eessa akka jiru hin beeku, dhimmicha qorachaa jira jedhan Aab Biruunoon. "Nuti lubbuu lammilee Keeniyaa ykn nama daangaa keenya keessatti argame kamuu eeguuf bobbaane. Namaaf wayita poolisiin to'annoo jala nama oolchu arguun ni salphataaf. "Yakkamtoonni dammaqinaan socho'an jiru, tooftaa gara garaas qabu, kanaaf poolisii miti, poolisii ta'uus hin qabu," jechuun dhabamuu namootaaf yakkamtootatti quba qaban. Viidiyoo wayita Saamsoon qabamu agarsiisu irratti poolisiin tiraafikii tokko ni mul'ata. Aab Biruunoon akka jedhanitti poolisichi miseensa poolisii isaanii beekamu yoo ta'u, "hojii isaa guyyuuf bobba'ee akka ture, kan bakkichatti argame maaltu akka raawwataa jiru hubachuuf malee", butamuu Saamsoon gargaaruuf miti. Dhiyeenya gartuun lammilee Itoophiyaa Nayiroobii keessa jiraatan, rogeeyyiin akkasumas maatiin Obbo Saamsoon hiriira bahuun waa'ee nama dhabame kanaa odeeffannoon akka kennamuuf gaafatanii turan. Bu'aan argame garuu hin jiru.
Imala jaarraa tokkoo giiftii piyaanoo Immaahooy Tsiggee-Maariyaam Hordoftoota amantii Kiristiyaanaa baayyee biratti ‘magaalaa qulqulleettii’ jedhamuun kan waamamtu Iyyeerusaaleem jiraachuu erga jalqabanii waggaan soddoma darbeera. Jireenya biyya lafaa dhiisanii monoksee tahuu kan filatan yeroo ganna 19 turanidha. Maqaan isaanii dhalootaas Yewuubdaar Gabiruu jedhama. Ijoollumaadhaan maatii isaanii jalaa badanii Gishan Maariyaamitti monoksee erga tahanii waggaa lama booda maqaan isaanii Yewuubdaar irraa gara Tsiggee Maariyaamitti geeddaramee Immaahooyi jedhaman. Marsariitiin faawundeeshinii maqaa isaaniin dhaabbate bara 1916 A.L.I dhalachuu isaanii himus, Immaahooyiidhaan namoonni dhiyootti beekan garuu waggaa 99ffaa isaanii kabajanii gara 100tti adeemaa jiru jedhu. Abbaan isaanii dhalootaa kantiibaa magaalaa Finfinnee kan turan yoo tahu, maatiinis kutaa hawaasaa olaanaa keessa kanneen turanidha. Immaahooy obboleettii isaanii Sinidduu Gabiruu wajjin barnoota ammayyaa akka hordofan gara Siwiizarlaand yeroo ergamanittidha muuziqaa wajjin kan wal-baran. Yeroos ijoollee ganna ja’aa turan. ‘’Yeroon Siwiizarlaand ture, konsartii muuziqaa namni qaroo dhabeessi dhiyeesse tokkon daawwadhe. Akkamiin akka tahe himuu baadhus qalbii koo keessaa baduu dide. Ergasii booji'amtuu muuziqaan tahe. Kanaaf Saantaa Kilaawus vaayoliinii akka naa kennan gaafadhe. Achiin booda kutaa koo keessaa vaayoliinii argadhe. Yeroos ijoollee ganna saddeetiin ture,’’ jechuun turtii BBC Radio Four waliin taasisaniin dubbataniiru. Yeroosuma piyaanootti dubbachuus kan jalqaban. ‘’Kutaa koo bira piyaanoon jira ture. Calluma jedhee taa’een isa rukutan ture. Namoonni yeroo na bira darban maal taphachaa jirta yeroo naan jedhan, ‘’bakakkaa sanan taphachaa jira’’ nan jedhan ture (kolfa), maal jechuu akka tahe garuu hin beeku.
Siwiizarlaand waggaa afur erga turaniin booda gara Itoophiyaa deebi’anii mana barumsaa Mananitti barnoota isaanii otoo hordofaa jiranii mootummaan Xaaliyaanii Mosoloniin hogganamu Itoophiyaa weerare. Jala bultii Waraana Addunyaa Lammaffaatti Xaaliyaan yeroo Itoophiyaa weeraretti maatii Immaahooy odolawwan biyya Itaalii kan tahan Markaaliyaanoofi Asiinaaraatti booji’ee kaa’e. Waraana kanaan booda gara jireenya muuziqaa isaaniitti kan deebi’an Immaahooy Kaayirootti vaayolinii taphachuu baratan. Haasaa BBC waliin taasisaniin yeroo Kaayiroo turanitti muuziqaa kilaasikaalaa Beetihoovan, Moozaartii fi Shitraawuuziin dabalatee muuziqaa muuziqeessitoota beekamoo addunyaa akka taphataa turan dubbataniiru. Waggaa lamaaf Kaayirootti yeroo muuziqaa barataniitti guyyaatti sa’aatii shaniif piyaanoo, sa’aatii afuriif immoo vaayoolinii otoo addaan hin kutiin taphataniiru. Hiriyyaa dhihoo Immaahooy Tsiggee Maariyaam kan taate Maayaa Duneetiz Israa’el jiraatti. Gadaamii Immaahooyi jiran dhaqxee isaan iyyaafatti. Isheenis piyaanoo taphachuu dabalatee hojii ogummaa biraan beekamti. Michoomni isaanis amma waggaa 15 taheera. Hojiiwwan Immaahooy waliin kan wal-barte siidiin Itoopiiks jedhamu erga maxxanfameen booda akka tahe BBC kutaa Amaariffaan waliin haasaa taasisteen dubbatteetti. ‘’Firaansis muuziqaa Itoophiyaadhaaf oolmaa guddaa ooleeraafi. Galata galchuufiin fedha,’’ jechuun kabajashee dhiyeessiteetti. Firaansis Faalseetoon lammii Faransaay yoo tahu hojii Immaahooy Tsiggee Maariyaam qofa osoo hin taane, sirboota Itoophiyaa 1960-70 keessa bahan muuzikiyoologistii addunyaatti beeksisedha. Kuusaa Itiyoopiks keessatti weedduuwwan hammataman keessaa ‘’Abbaa muuziqaa Jaazii’’ jedhamuun kan bekaman Mulaatuu Astaaxiqeen, Immaahooy Tsiggee Maariyaam weedduu muuziqaa afran al tokkotti fayyadamuun isaani adda akka isaan taasisu dubbatu.
‘’Immaahooy namummaafi ogummaa isaaniitin baayyee isaan kabaja. Muuziqaa Itoophiyaaf hojii guddaa hojjetaniiru jedheen amana. Iyyeerusaaleem konsartiidhaaf yeroon deemetti isaan argadheen haasofneerra,’’ jechuun Mulaatuun BBCtti dubbataniiru. Immaahooy booda maaliif muuziqeessitoonni dubartootaa kilaasikaala taphatan as hin baane jechuun gaafannee turre. ‘’Rakkoon inni guddaa of beekuu dhiisuudha,’’ jedhan. ‘’Itoophiyaa keessatti weedduuwwan arfan sirriitti hin qoratamne. Kana beekuu dhiisuuni namoota gurguddoo kan horachuu kan dadhabne,’’ jechuun bu’uurri rakkoo kanaa barnoota muuziqaa fi qorannoo jajjabeeffamuu dhabuu akka tahe dubbatu. Immaahooy dursanii weedduuwwan Itoophiyaa afur beekuufi qorachuun isaanii kalaqa isaaniif bu’uura taheera jedhu. ‘’Hojiin Immaahooy qoratamee manneen barnootaa keessatti akka taa’uufi akka qoaratamu gochuun dirqama barbaachisa jedhe amana,’’ jedhu. Gama kanaan Immaahooy Israa’el deemanii waggaa lamaan booda muuziqaa isaanii akka maxxansituuf gaaffii Maayaadhaaf dhiyeessaniin hojiiwwan piyaanoodhaan qindeeffaman nootaa muuziqaa dhaan katabamanii bifa kitaabaan maxxanfamaniiru. Gaazexeessituun Raadiyoo Foor, ‘’muuziqaa keessan maxxansuuf akkamiin yaaddan?’’ jechuun gaafatteenii turte? ‘’Sababiinsaa muuziqaa koo warra kaaniif qooduu ijaan barbaaduuf kaa! Waanin qabu qooduu nan barbaada. Namni na hubachuu yoo baatellee kan ogummaa muuziqaa qabu na hubata,’’ jechuun deebisaniiru. Maayaan hojiiwwan Immaahooy baayyeen waaan gaariif na kakaasu jetti. ‘’Namoota Afrikaa ani beeku biratti akka gootaatti ilaalamu. Sababa garaagaraaatiin beekamtii isaanii malu argachuu baatanillee, muuziqaan isaanii hambaa killiyyaa Afrikaati jedheen yaada,’’ jetti. ‘’Shoorri isaanii isa hanga amma jedhameen olittidha,‘’ jechuunis dhugaa baatiifi.
Akkasumas hojiiwwan afaanota garagaraan dalagaman akka qabaniifi uummataaf akka hin dhiyaanne himuun, muuziqaan isaani namootarratti osoo hin taane dhalootarratti dhiibbaa gaarii uumeera jetti. Jarmanitti piyaanoo Moozaartiidhaan taphataniiru. Milkaa’inni isaanii salphaa miti. Bara 1967 albamii isaanii jalqaba maxxanfamerraa kaasee bu’aa gurgurtaa isaa irraa homaa hin fayyadamne. Inumaayyuu gargaarsa daa’immaniif oolchaniiru. Gishen Maariyaam keessa miila qullaa lafoo adeemaniiru. ‘’Ani beekamtuu tahuu hin barbaadun ture. Waqayyoonis maqaa koo jannatatti yoo barreesse jedheen gaafadhe malee isa lafaa gaafadhee hin beeku,’’ innimmoo muuziqaa kana akkan dhabu hin barbaadne, hunduu ulfina isaaf tahe,’’ jechuun BBC Raadiyoo Fooritti himan. Gondaritti muuziqaa mana amantaa Ortodoksii barachuuf yeroo imalan ijoollee balbala bataskaanaatti kufanii biddeena guyyuu kadhatan erga arganiin booda jireenyi muuziqaa isaanii ni geeddarame. ‘’Ani homaa hin qabu. Kanan qabu muuziqaa gatii taheef isa fayyadameen isaaniin gargaaruuf murteesse,’’ jechuun sababii albamiin isaanii inni jalqabaa maxxanfameef ibsu. Achiin mootii Haayilassillaasee muuziqaa isaanii akka maxxansaniif akka isaan gargaaran gaafachuun, Jarmanitti ergamuun albamii isaanii jalqabaa bara 1967tti maxxansan. Galiin irraa argames ijoollee sababa waraanaan maatii isaanii dhabaniif oole. ‘’Monoksee muuziqaa taphattu ana qofa osoo hin tahiin oolaa? jechuun turtii BBC Raadiyoo Foor waliin taasisaniin dubbataniiru. ‘’Namoonni tokko tokko kana ni mormu. Garuu waan hundi fedha Waaqayyoon taha. Kuni muuziqaa kilaasikaaliidha. Waaqas meeshaa muuziqaa garagaraan weeddisuun ni danda’ama,’’ jechuun dubbatan. Immaahooy wal-qixxummaa koorniyaatti amanu. Maatii hayyootarraa dhalachuun isaanii balbala garaagaraa banuufiillee, carraa argatan fayyadamuun milkaa’ina guddaarra gahaniiru.
Maatii hayyootarraa dhalachuun isaanii balbala garaagaraa banuufiillee, carraa argatan fayyadamuun milkaa’ina guddaarra gahaniiru. Akkasumas jireenya qananii dhiisanii, waan argatan hunda deebisanii kennaniiru. Ministeera Hajaa Alaa Itoophiyaatti hojjettuu bulchiinsaa jalqabaa, akkasumas mootummaa Dargii baqachuun erga Yerusaaleem galaniin booda, gadaamii Itoophiyaa Yerusaaleem jiru keessatti turjumaan hojjechuun dubartii jalqabaati. Immaahooy feministiidhaa? jechuun Maayaa gaafanne ‘’Gaaffii kana akkamiin akkan deebisu hin beeku. Eeyyeen feministii natti fakkaatu. Ilaalcha dubartoota aangessuu qabu. Gaazexeessitoonni fi artiistoonni dubartootaa yeroo dhufan isaaniitii jajjabeessu argeera. Dubartoonni manaafi addabaabaayitti akka ciman ni gorsu. Akkani isaan hubadhutti haalli dubartootatti dhiyaatan kan aangessudha,’’ jechuun BBCtti himteetti. Maayaan hojiiwwan Immaahooy keessaa muuziqaawwan nama mararan/gaddisiisan akka jaalattu dubbatti. Isaan keessa muuziqaawwan sadii irra akka mararsiifattu dubbatti. The guardians of Getsemani, Golgotaa fi Yeruusaaleem muuziqaawwan Immaahooy amma dhaggeefataa jirtu akka tahe dubbatti. The guardians of Getesemani, halluu muuziqaatiin kan bareedee fi otoo dhagahuu halluu jijjiirrata,’’ jechuun ibsiti. ‘’Immaahooy amma jabduu isaaniitu jira. Yeroo baayyee siree isaanii gadaamii jirtutti haa dabarsaniyyuu malee nagaa isaaniidha,’’ jechuun Maayaan, waa’ee giiftii piyaanoo gara waggaa 100ffaa isaaniitti siqaa jiranii dubbatti.
Haalli fayyaa qondaala ABO Obbo Battee Urgeessaa maalirra jira? Haalli fayyaa qondaala ABO waggaa darbe hidhamtoota dhaabichaa dubbisuu dhaqaniI hidhaa seenan 'fooyyee qaba' jechuun maatiin BBC'tti himan. Obbo Batteen keessumaa suuraan isaanii hospitaala erga seenanii gidduu kana miidiyaa hawaasummaa gubbaa qoqqoodamaa ture akkaan hubamanii mul'isa. Haata'u malee, sadarkaa hubaatii kana ogeessa fayyaa isaan wal'aanaa jirurraa odeeffachuun hin danda'amne. Obboleessi isaanii garuu Obbo Batteen erga hidhaatii wabiin gadhiifamanii booda, torban darbe gaafa Sambataa hospitaala Adaraa jedhamu seenanii wal'aansa argataa akka jiran himan. Ogeessi fayyaa Obbo Batteetti dhiyeenyaan beekan Dr. Ifaa Bariisoo ammoo wallaansa sadarkaa biyya alaatti akka isaan barbaachisu dubbatu. Fooyyees agarsiisaa jiraachuu dubbatan. Akka obboleessi isaanii Obbo Miloo Urgeessaa jedhanitti, ''Sababa yaala duraa hin argatiinif xiqqooshee itti cime. Isaaniis hammaachuu isaa arginaan du'uurra jedhanii gadhiisan''. Haala Obbo Battee yeroo dheeraaf hordofaa turuufi ogummaan isaanii fayyaa kan ta'e Dr. Ifaa Bariisoo suuraa miidiyaa hawaasummaa gubbaa qoodamaa ture akka hin agarre himu. Haata'u malee, haala amma Dubbii Himaan duraanii Adda Bilisummaa Oromoo itti jiran akkanaan ibsu. ''Battee mana hidhaa osoo hin seenin beekuufi Batteen ammaa baay'ee garaagarummaa qaba. Baay'ee hubameera. Dhibee qofamoo, haala qabannaatimoo kan jedhu addaan baasuun rakkisaadha,'' jedhan. Obbo Batteen dhukkubsachuu isaanii eeruun, yaalli dabalataa akka isaaniif barbaachisu kana dura abukaatoon isaanii Dr Tokkummaa Dhaabaa BBC'tti himanii turan. Qondaalota ABO buufata poolisii Bulchiinsa Magaalaa Buraayyuu turaniifi haala qabiinsa isaanii mormuun lagannaa nyaataa guyyoota muraasaaf taasisan keessaa Obbo Batteen tokkodha.
Dhukkubsachuun isaaniis yeroosuma dhagahame. Mana hidhaa osoo hin seenin dura ''fayyaa guutuu qaba ture'' jedhu obboleessi. ''Sababuma hiraarsaan baay'ateef, iddoo tokko gara biraatti namoota baay'ee wajjiin galma tokko keessa hidhamuun, rakkoo nyaataatu ture, rakkoo qulqullinaatu ture,'' jechuun komatu. Dhimma qabiinsa hidhamtootaa kanarratti qaamni mootummaa deebii kenne hin jiru. Dr. Ifaa Bariisoonis haala Obbo Battee itti dhiheenyaan hordofaa turanis akkana himu. ''Mana hidhaa sanatti qabamemoo alatti qabamemoo kan jedhu murteessuun nama dhibullee yeroo duraatiifi [dhibeen] kun kan irratti argame,'' jedhu. Lagannaa nyaataarra osoo jiranii jaarsummaan taasifamee booda nyaata eegaluu isaanii dura hospitaala Polisii Federaalaa geeffamanii achitti dhibee isaanirra jiru baruu obboleessi ni himu. Ta'us, yaalli akka isa barbaachisu ogeeyyiin fayyaa himaniis poolisoonni 'ajajni nu hin kennamne'' jechuun Buraayyuutti deebisuu hima. BBC'n dhimma kana irratti poolisiirraa yaada hin arganne. Eegasii saamudi qondaala kanaa fudhatamee gara biyya alaa, Dubaayitti ergamee qoratamuu dubbatu. Ogeessi fayyaa Obbo Battee beekan bu'aa qorannoo kanaa akkanaan BBC'tti himan. ''Vaayirasiin tiruu keessa jiru garmalee ol ka'aa ture. Haalli tiruun irra jiruus baay'ee yaaddessaadha. Hubamuu tiruu agarsiisa. Amma gargaarsa argataa jiru.'' Eegasii wabiin gadhiifamanii dhuma torban darbe erga hospitaala seenanii fooyyee akka qaban dubbatu obboleessi isaanii. ''Nyaata jalqabaniiru. Nyaata sasalphaa kana akka kuduraa kana nyaata. Rabbiin haa ulfaatu jijjiirama gaarirra jennee dubbachuu dandeenya.'' ''Yaala argachaa jira. Ani yoon ilaalu wayyoo fakkaata. Nyaatas, waan dhangala'aas ofitti fudhataa jiru,'' jedhan.
Nyaatas, waan dhangala'aas ofitti fudhataa jiru,'' jedhan. Keessumaa lagannaan nyaataa akka isaan miidhe lamaanuu dubbatu. ''Lagannaan nyaataa immoo garmalee isa miidhe,'' jechuun ogeessi dubbisnees yaada obboleessaan walfakkaatu himu. Akka obboleessi jedhanitti nami siyaasaa kuni dhukkubi tiruu irratti argamuu erga baran ji'a ta'eera. Ogeessi fayyaa Dr. Ifaa Bariisoo Obbo Battee dubbisne bakka amma Obbo Batteen jiranitti ogeessonni olaanoo akka isaan gargaaraa jiran dubbatu. Ta'us yaaddoo qabu. ''Haalli tiruun isaa irra jiru chronic liver disease jedhama. Yaalii biyya keessaatiin fayyuun rakkisaadha. Faana bu'anii gargaarsa adda addaa yoo godhaniif fooyyee argachuu ni mala,'' jechuun himu. ''Kunuunsa barbaachisu kana biyya keessatti argatee kanaan fayyuu danda'a kan jedhu kan gaaffiifi yaaddoo natti ta'u,'' jechuun BBC'tti himan. Akka yaada isaaniitti osoo ala bahanii wal'aansa argatan gorsu. Namoonni midiiyaa hawaasummaa gubbaa qondaala kanaaf qarshii walitti qabaa jiranis ni jiru. Dhibeen tiruu gosa Hepatitis B jedhamu kulkula, madaa'uu ykn infekshinii tiruu kan vaayirasiin dhufuu akka ta'e ogeeyyiin fayyaa ni dubbatu. Dhibeen Hepatitis B vayirasiin kan dhufu wayita ta'u maddi isaa ammoo dhiiga waliin kan walqabateedha. Kun akkuma dhukkuboota daddarboo biroo namaa gara namaatti darbuu danda'a. Dhibeen kuni bal'inaafi gadi fageenyaan waan hin beekamneef rakkoo fayyaa fi badii lubbuu guddaa qaqqabsiisaa jira. Kanaafis tarkaanfiin jalqabaa waa'ee dhibee kanaa hubannoo uumuudha jedhu ogeeyyiin.
Weerara Yukireen: MM Abiy rakkoo Yukireen keessa jiruuf qaamoleen hunduu akka of-qusatan waamicha dhiyeessan Ministerri Muummee Itoophiyaa Abiy Ahimad (PhD) rakkoo Yukireen keessatti dhalateef qaamoleen hundumtuu akka of-qusataniif waamicha dhiyeessan. MM Abiy ergaa waraana Raahiyaa-Yukireen ilaalchisuun fuula miidiyaa hawwaasummaa isaaniirratti baasaniin, "Itoophiyaan wantoota Awurooppaa keessatti deemaa jiru qalbiifi itti dhiyeenyaan horodofaa jirti," jechuun ''qaamoleen rakkoo Yukireen keessatti deemaa jiru kana irratti hirmaataa jiran akka of-qusataniif ni gaafanna," jedhan. Waggaan laman darban sadarkaan birmadummaa hawaasa addunyaa hangam akka ta'e kan ifatti agarsiisedha kan jedhan MM Abiy, "dhimmootni nuti nurraa fagoodha jennu miidhaaf kan nu saaxilan waan ta'eef biyyi kamiyyuu odola [kan qofaatti bahee jiraatu] miti," jechuun ibsan. Ibsa isaanii kanaan yeroo COVID-19 mul'atee turetti weeraricha ilaalchisuun deebii biyyi tokko kennu guutummaa addunyaatti dhiibbaa qabaa ture jedhan MM Abiy. Kanaaf, "waggoota rakkisoo lamaan booda, yeroo hawaasni addunyaa keenya miidhaa dinagdeefi fayyaa weerarri kun uume keessaa bahaa jiru kanatti, jireenya ummata keenyaa bakka isaatti debisuun dhimma dursi kennamuufiifidha. Keessumaa ammoo qaamoleen hawaasaa saaxilamoo ta'an. Weerara fayyaas ta'e hidhannoon wal dura dhaabbachuu keessatti hunda caalaa kan miidhaaf saaxilaman qaamolee hawaasaa kanneenidha," jedhan. Itoophiyaan waraana dhiyeenya keessa turterraa wantota barsiisan qooddu hedduu qabdi kan jedhan MM Abiy, "waraanni maatiiwwan, hawaasa, jiruufi jireenyaafi waliigala dinagdeerratti miidhaa akka qaqqabsiisu muuxannoon dabarsine ni mul'isa. Miidhaa waraanni qabeenya irraan gahe salphaatti kan deebifamu ta'ee yaaadamullee, dhiibbaa darbee turu [waraanni] hariiroo waliin jireenyaa hawaasaa irratti qabudha kan biyyoota madeessu," Jedhan.
Miidhaa waraanni qabeenya irraan gahe salphaatti kan deebifamu ta'ee yaaadamullee, dhiibbaa darbee turu [waraanni] hariiroo waliin jireenyaa hawaasaa irratti qabudha kan biyyoota madeessu," Jedhan. Waraana dhiyeenya keessa turameefi Itoophiyaanota baayyeef ammallee akka haaraatti yaadatamaa jiru kaasuun, mootummaan isaanii qaamoleen waraana kana keessatti qooda fudhatan of-eegannoo cimaa akka taasisaniifi dubbicha caalaa hammeessuurraa akka of qusataniif gaafatan, MM Abiy Ahimad. "Dubbii daran hammaachaa jiru kan dhimmichi akka caalaa yaaddoowwan dabalataan babal'atu taasisan nu yaaddessaniiru waan ta'eef, warri dhimmi kun isaan ilaallatu hundi karaawwan danuu jiran gara wal hubachuutti geessan akka filataniif waamicha goona," jedhan. Biyyoota Afrikaa weeraramuu Yukireen ilaalchisee yaada murtee UN dhiyeesse irratti sagalee kennuun deeggaran keessaa 29 sagalee deeggarsaa kennan, 17 ammoo gama lachuuyyu sagalee dhowwatanidha. Biyyi Afrikaa tokkottii yaada murtee UN dhiyeesse kana sagalee mormii kennachuun mormite Ertiaa qofaadha. Biyyoonni Afrikaa sagalee isaanii hin galmaa'iin hafan ammoo biyyoota 8 yoo ta'an, Itoophiyaan warra kana keessatti argamti. Waraanni Raashiyaan Yukireen irratti bante kun har'a guyyaa sadetteffaa isaa qabatee kan jiru yoo ta'u, mariin akkaataa nagaan bu'uu danda'amurratti jalqabamus waraanichi aran hammaatee itti fufeera. Akka aanga'oonni Yukireen jedhanitti waraana kanaan hanga ammaatti namooti nagaa 2000 ajjeefamaniiru. Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii (UN) ammoo sababa waraana kanaatiin namoonni Yukireen keessaa gara biyyoota ollaatti baqatan miliyoona tokko tareera jedhe.
Nageenya Oromiyaa: Warshaan Sukkaara Finca'aa rakkoo nageenyaan oomisha dhaabee ture hojiitti deebi'e Sababa rakkoo nageenyaan boba'aa dhiheessuun waan hin danda'amneef hojii dhaabee kan ture Warshaan Sukkaaraa Finca'aa torban tokko booda hojiitti deebi'uu qondaalli BBC'tti himan. Dubbii Himaan Korporeeshinii Sukkaaraa Itoophiyaa Obbo Rattaa Dammaqaa ALI Guraandhala 02, 2014 hojii erga dhaabee booda Guraandhala 08, 2014 hojii eegaluu himan. Akka qondaala kanaatti yaaddoo nageenyaa gama Lixa Oromiyaa jiruun konkolaattonni boba'aa geessan yaaddoorraa kan ka'e boba'aa warshaan itti dalagu waan geessuu dhabaniif ture hanqinni boba'aa kan mudate. ''Yeroo ammaa torban kana keessa gaafa Wiixataa boba'aan waan gaheef gaafa Kibxataa warshichi hojiitti deebi'eera,'' jedhan obbo Rattaan. Dhimma kana gaafa Kibxataa teknishaana Warshaa Sukkaaraa Finca'aa kan gaafate BBC'n, warshichi hojii eegaluu isaa himanii turan. Gabaasi biraa haleellaa hidhattoonni raawwataniin warshichi hojii dhaabuu bahe Obbo Rattaan sirrii miti jedhanii turan. ''Naannicha rakkoon nageenyaa waan jiruf malee haleellaan warshicha irratti raawwate hin jiru,'' jechuun himan. Haa ta'u malee, dhihoo kana tiraaktaroonniifi agadaan shankooraa ibiddaan qabsiifamuu himaniiru. ''Warshichi tiraaktara hedduu qaba. Tiraaktarri gubate tiraaktara gara afur ta'udha. Tiraaktarri gubachuu isaatiin hojii hin dhaabne ture. Amma dhaabuu isaaf sababni boba'aadha,'' jedhanii turan. Ta'us abbaa kana godhe hin dubbanne ture. Qaamoleen nageenyaa irratti dubbachuu danda'u jechuun BBC'tti himan. Bulchaan Godina Horro Guduruu Wallaggaa Obbo Baqqalaa Dachaasaa garuu miidiyaa biraaf akka dubbatanitti, haleellaa tiraaktaraafi agadaarratti gahe kan raawwate hidhattootadha jechuun himan.
Dhimma kana irratti hidhattoonni finciltoota Tigraay waliin hariiroo uumuu himan deebii hin kennine. Hidhattoonni naannawa warshichaa sochii taasisaa turuu isaanii Korporeeshiniin Sukkaaraa Itoophiyaa quba akka qabu BBC'n odeeffateera. Naannawa warshaa kana haleellaa raawwachun maqaan hidhattootaa yoo ka'u haaraa miti. Waggaa darbe hidhattoonni baankii lama kan ganda Hagamsaa jedhamtu dhiyeenya warshaa shukkaaraa Fincaa'aatti argamtu keessa jiran saamuu jiraattonni fi hojjetaan baankii tokko BBC'tti himani turan. Himannaa akkanaa hidhattoonni ifatti raawwanne jedhanii hin beekan. Hagayya waggaa darbemmoo warshicha ''to'anne'' jechuun ibsanii turan. Oduun warshichi hojii dhaabuu kan dhagahame yeroo rakkoon nageenyaa gama Lixa Oromiyaa furmaata dhabuun lammiileen dararaafi buqqaatiif saaxilamuu himaa jiranittidha. Akka Obbo Rattaatti taanaan kan ammaa osoo hin dabalatiin kana dura rakkoo nageenyaan walqabatee warchichi hojii dhaabee hin beeku. ''Naannicha rakkoon nageenyaa mudate jechuun warshicharratti rakkoon ni qunnama jechuu miti,'' kan jedhan qondaalli kuni ''hawaasni achii ijoollee isaa waliin warshiishaan of jiraachisa,'' jechuun himan. Guyyoota torba keessa hangam dhabe jedhamanii kan gaafataman qondaalli kuni yeroo waqtii gaarii oomishe guyyaatti kuntaala kuma 10 akka oomishuu ibsan. Ta'us, kasaaraa gahe baruuf qorannoon taasifame akka hin jirre himan. ''Warshaan tokko guyyoota torbaaf hojii dhaabuun gabaa irratti dhiibbaa homaatuu hin qabaatu,'' jechuun warshaaleen sukkaaraa biroo kanneen akka Wanjii, Matahaaraafi Arjoo Dhidheessaa jiraachuu dubbatan. Warshaan kuni gama Lixa Itoophiyaa Godina Horro Guduruu Wallaggaatti kan argamu yoo ta'u Finfinneerraa 300km ol fagaatee argama. Akka Korporeeshiniin Sukkaaraa Itoophiyaa ibsetti warshichi waggaatti sukkaara toonii 270,000 humna oomishu qaba.
Akka Korporeeshiniin Sukkaaraa Itoophiyaa ibsetti warshichi waggaatti sukkaara toonii 270,000 humna oomishu qaba. Itoophiyaa keessaas isa guddicha jedhamee ibsama.
Gondaritti hidhattoonni sirreefamtoota 139 miliqsan, meeshaa waraanaa saaman Naannoo Amaaraa Godina Kibba Gondaritti hidhattoonni haleellaa manneen hidhaa godinicha keessa jiran irratti raawwataniin hidhamtootaa 139 miliqsanii meeshaan waraanaa saamuu aanga'aan godinichaa BBC'tti himan. Poolisiin naannoo Amaaraa akka jedhutti hidhattoonni A.L.I Wiixata Amajjii 30 halkan qixxee booda manneen hidhaa, buufataalee poolisii fi milishaa godina Kibba Gondar aanaa Gaayint magaalaa Nifaas Mawucaa keessa jiran irratti haleellaa raawwatan. Haleellaa kana hordofees mana hidhaa Aanichaa keessaa sirreefamtoonni seeraa miliqfamuu fi saamichi raawwatamu bulchaa itti aanaan godina Kibba Gondar Xilaahun Dajanee BBC'tti himaniiru. Hidhattoonni kun halkan qixxee booda naannoo sa'aatii 8 konkolaataa sadiin fe'amanii gara magaalattii seenuun haleellaa raawwachu himu aanga'aan kun. Hidhattoota haleellaa kana raawwatan keessa 16 humnoota nageenyaan ajjeefamuu fi miseensonni poolisii sadi ammoo madaa'uu himan Obbo Xilaahun. Haleellaa hidhattoonni mana hidhaa Nifaas Mawucaa irratti raawwataniin hidhamtoonni 139 yoo miliqfaman, meeshaaleen waraanaa gosa gara garaa 15 fi boombiin harkaa hedduun saamamuu himan. Poolisiin naannichaas haleellaa hidhattootaa kanaan hidhamtoonni miliqfamuu fi meeshaan waraanaa mana sirreessaa, buufata poolisii fi waajjira milishaa keessaa saamamuu mirkaneessee jira. Hidhamtoota miliqan deebisanii to'annoo jala oolchuu fi hidhattoota haleellaa raawwatan seeratti dhiyeessuuf hordoffii fi qorannoon godhamaa jira jedhe poolisiin naannoo Amaaraa. Hidhamtoota 139 miliqfaman keessaa 65 kan ta'an to'annoo jala oolfamuu Obbo Xilaahun Dajanee BBC'tti himaniiru. Meeshaa waraanaa saamame keessaas hagi tokko deebifamuu poolisiin himeera.
Komiishinarri Komiishinii Poolisii Amaaraa Takollaa Ayifokkiruu eenyummaa hidhattoota haleellaa kana raawwatanii ilaalchisee yoo dubbatan, "gochicha kan raawwatan garee hidhattootaa Faannoo hin taane, garuu Faannoo ofiin jedhanii fi naannicha keessa socho'anidha" jedhan. "Garee gurmaa'e maqaa Faannootiin daldalu" jechuun ibsan. Faannoon garee hidhattootaa waraana Kaaba Itoophiyaan gurra horataa jiru yoo ta'u, aanga'oota naannoo Amaaraa biraa deeggarsa qaba. Hidhattoota to'annoo jala oolfamanirraa hubachuun akka danda'ametti gareen haleellaa kana raawwate miseensota godinaalee Kibba Gondar, Walloo Bahaa fi Walloo Kibbaa irraa walitti bahan qaba. Namootni kunneen kana dura sababoota gara garaatiin raayyaa ittisaa fi humna addaa naannichaa keessaa kan hir'ifaman akkasumas yakkaan barbaadamaa kan turan akka keessatti argaman Obbo Xilaahun BBC'tti himaniiru. Ammatti magaalaan Nifaas Mawucaa tasgabbii akka qabduu fi sochii idileetti deebi'aa jiraachuu himu. Hidhattoonni kan irratti fuulleffatan manneen hidhaa fi dhaabbilee nageenyaa yoo ta'u waajjiraalee mootummaa kaanirra miidhaan gahe akka hin jirre poolisiin beeksiseera. Magaalaan Nifaas Mawucaa Adoolessa darbe to'annoo finciltoota Tigraay jalatti kuftee turte. Komishinaarri Komishinii Poolisii Naannoo Amaaraa Tekolaa Ayifookiruu BBC'tti yoo himan, guyyoota dura haleellaafi hidhamoota hiikuun Nifaas Maawucaatti raawwate torban tokko dura magaalaa Finoote Salaam keessattis rakkoo mudate wlaiin walfakkaata jedhan. Torbee tokko dura Godina Lixa Gojjaam magaalaa Finoota Salaam keessatti hidhamtootni mana hidhaa keessatti eegdota dhagaan haleeluun miliquuf yaalanii turee jedhan. Ta'uus Poolisiin haalicha to'atee warra hokkora kaasan adda baasee gara mana hidhaa Kibba Goondar Gaayintitti dabarsee ture. ''Gara Gaayinti erga deemaniis aanaalee adda addaarraa kan walitti dhufan Faannoodha kan ofiin jedhan haleellaa raawwatanii ture.''
''Gara Gaayinti erga deemaniis aanaalee adda addaarraa kan walitti dhufan Faannoodha kan ofiin jedhan haleellaa raawwatanii ture.'' Kanaaf kanneen haleellaa kana raawwatan Faannoo isa sirrii osoo hin taane warra maqaa saniin saamichaaf bobba'u malee ''Faannoon inni dhugaan isaan waliin walitti dhukaasee naannicha tasgabbeessseera'' jedhan. Komishinarichi itti dabaluun kanneen haleellaa kana qaqqabsiisan wayita TPLF naannolee sana to'atee ture mana hidhaarraa kan miliqaniifi kaayyoon isaaniis hiriyyoota isaanii hafan hiiksisuufi saamicha raawwachudha jedhan.
Miseensota Paartii Badhaadhinaa Naannnoo Somaalee gidduu maaltu mudate? Naannoo Somaaleetti miseensota Paartii Badhaadhinaa kan jalqabaa ta'uusaanii kan himatan, Paartii Badhaadhinaa Naannichaa, ‘Sororsuufi sirreessuuf’ jechuun sochii jalqabuu isaanii dubbatu. Miseensonni duraanii paartii kanaa magaalaa Jigjigaatti walitti qabaman lakkoofsaan kudhan tahuu yoo ibsan,Finfinnee fi biyyattii keessa iddoo garagaraatti miseensota paartiifi hogganooti duraanii wajjin jiraachuu ibsaniiru. Gareen kuni sochiisaa ‘uummata naannichaa baraaruuf’ jechuun jalqabuusaa dubbataniiru. Itti gaafatamaa kominikeeshinii Naannoo Somaalee kan turaniifi amma garee mormituu kana keessa hirmaataa kan jiran Obbo Habiib Hajii Mahaammad, ‘Paartii Badhaadhinaa karaa irraa kaateera,’’ jechuun BBCtti himaniiru. Akka Obbo Habiib jedhanitti hoggansa Paartii Badhaadhinaa amma jiru mormuun qaamoti walitti qabaman kana dura,itti gaafatamtoota waajiraa, miseensota mana maree fi naannicha keessatti waggaa 15 hanga 20 hirmaannaa siyaasaa sadarkaa garaagaraa irratti tajaajilaa kan turani dha. Itti gaaftamaan waajira Badhaadhinaa Injinar Mahaammad Shaallee gama isaaniin, qaamoti akkanatti walitti qabamanii mormii dhageessisaa jiran,’’namoota miseensummaa paarticha irraa arii’amaniifi itti gaafatamummaa irraa ka’ani dha,’’ jedhan. ‘’Garee namoota arii’amaniifi dallansuu qabaniiti,’’ jechuun kan dubbatan itti gaafatamaan waajira paartii kanaa,dogoggora paarticha keessa jiru sirreessuuf akka dhaabaatti qophii irra jirra jedhaniiru. Injinar Mahammad dabaluunis miidiyaa hawaasaa irratti Paartii Badhaadhinaa naannichaa gidduutti wal-qodiinisi dhalateera inni jedhamu, ‘’dogoggoraa fi kan fudhatama hin qabne dha,’’ jechuun hubachiisaniiru. Obbo Habiib gama isaaniin mormii dhageessisaa kan jiran miseensota paarticha irraa arii’amani isa jedhame ‘soba’ jedhaniiru.
Obbo Habiib gama isaaniin mormii dhageessisaa kan jiran miseensota paarticha irraa arii’amani isa jedhame ‘soba’ jedhaniiru. Obbo Habiib paarticha keessa rakkoon bulchiinsa gaarii akkasumas malaammaltummaan sadarkaa hundarra akka jiru himu. Dabaluunis mootummaan naannichaa miseensota paartii mormituu hidheera jechuun himannaa dhiyeessu. Injinar Mahaammad gama isaaniin paartichi yeroo dhyootti yaa’ii waliigalaa akka adeemsisuufi sirreefama barbaachisaa tahe akka taasisus ibsaniiru Injinar Mahammad Shaallee komii miseensonni paartii mormituu hidhamaniiru jedhu kuffiisaniiru. Namoonni paartii biyya bulchaa jiru keessa rakkoolee jiran kaasuun mormii dhageessisaa jiran, dhimmi biraas akka jiru dubbatu. Kanaanis uummatni naannichaa hongeedhaan miidhame deeggarsa gahaa argachaa hin jiru kan jedhan Obbo Habiib, qaala’insa jireenyaa dhiibbaa geessisaa jiraachuu, hojii dhabdummaa dargaggoota naannichaa gaaffilee kaasan keessaati. Walumaagalatti, adeemsi ‘mul’atnisaa dukkanaa’e’ naannichatti diriiree jira kana jedhan Obbo Habiib, miseensonni paartii aangoorra jiran muuxannoo gahaa fi beekumsa hin qaban jechuu qeequ. Itti gaafatamaan Paartii Badhaadhinaa naannichaa Injinar Mahaammad Shaallee immoo himannaan miseensonni paarticharraa of baasan dhiyeessan fudhatama kan hin qabneefi naannichi rakkoolee eeramaniif furmaata fiduuf paartichaafi bulchinis naannichaa waan irraa eegamu raawwachaa jiraachuu himaniiru.
'Yeroof waa hundi nutti hafee mootummaan lammiilee keenya Sa'uudii jiran baraaruu qaba' - KFO Hidhamtoota lammiilee Itoophiyaa ta'an manneen hidhaa Sa'uudii Arabiyaa keessatti rakkoon irra ga'aa jiru guyyaan hammaachaa deemaa jira jechuun namoonni BBC'tti himan. Dhaabbilee mirga namoomaa dabalatee namoonni hedduun miidiyaa hawaasummaarratti waa'ee lammiilee kanneenii watwaataa turanis garuu ammallee jijjiiramni argame hin jiru. Kongiresiin Federaalawaa Oromoo (KFO) ibsa baaseen, mootummaan waan hunda dursee lammiilee manneen hidhaa Sa'uudiitti dararamaa jiraniif birmachuu qaba jedhe. Umar Mohaammad mana hidhaa al-Shumaysii irraa namoonni hedduun dhukkubsatanii akka jiran hime. ''Namni dhukkubaan gogaan irraa luqqa'ee, foon irraa dhumee jira. Yoo dhukkubsate dawaan hin jiru. Qaamni namaa bishaan kuusee dhidhiita'a. Dhukkuba akkasiitu mana hidhaa hunda keessa jira. Dawaa akka nuuf kennaniif gaafannee dadhabne. Dhukkubi kun 'hasaasiyya' jedhama. Akkaan faca'ee jira. Kaan ammoo hanqina nyaataan hubamaa jiru,'' jedhe. Shariif Abdulmaalik, mana hidhaa Riyaad irraa yoo ta'u, namoonni akkaan dhukkubsataa jiraachuuf, kanneen rakkoo irra ga'aa jiru baasanii addunyaaf mul'isanirratti ammoo reebichi hamaan raawwataa jiraachuu hime. ''Dhiyeenya kana daa'imni xiqqaan tokko akkaan dhukkubsatee wayita dhiiga afaaniin baasu ijoolleen viidiyoo waraabanii wayita miidiyaa hawaasummaarratti maxxansan hordofanii tarkaanfii irratti fudhatan. Yeroo sana daa'ima sana daddarbaa fuudhanii deeman. ''Du'uu fi dhiisuu isaa hin beeknu. Eegasii as deebi'anii namoota viidiyoo sana maxxansan reeban. Shiboo eletirikiitiin reeban. Namoota feesbuukiirratti viidiyoo sana maxxansan fuudhanii deeman, haga ammaa eessa akka geessan hin barre.'' Xumura ji'a Amajjii darbeerratti jilli Itoophiyaa dhimma qabiinsa lammiilee Sa'uudii Arabiyaa jiranii ilaalu tokko gara Sa'uudii imalee ture.
Ministirri Maallaqaa Ahimad Shidee, qondaaltonni mootummaa kaanii fi dureewwan amantii jila kana keessatti argamu. Kaayyoon jila kanaa inni ijoon rakkoo lammiilee Itoophiyaa Sa'uudii Arabiyaa jiranirra ga'aa jiruuf furmaata waaraa kaa'uuf jecha qondaaltota mootummaa Sa'uudii waliin mari'achuuf ture. Jilli kun turtiisaa keessatti hawaasa Itoophiyaa magaalaa Riyaad waliin mari'achuun, qabiinsi lammiilee Itoophiyaa mana hidhaatti dararamaa jiranii akkamiin akka sirratuu fi kaan irratti kallattii kaa'uu ibsee ture. Namoonni BBC'n mana hidhaa Sa'uudiirraa dubbise garuu jijjiirama homaatuu hin argine jedhan, Shariif Abdulmaalik akkas jedhe. ''Aanga'oota mootummaa Itoophiyaa dhufuusaanii miidiyaarratti agarre malee, qaamaan namni dhufee nu ilaale hin jiru. Magaalaa Riyaad dhufan jechuu dhageenye. Garuu haalli isaanii waan biraaf waan dhufan fakkaata. Ergasaan dhufaniis waanti jijjiirame tokkollee hin jiru.'' Lammiileen Itoophiyaa manneen hidhaatti dararamaa jiraachuu himatan kunneen ammas mootummaa Itoophiyaarraa birmannaa akka barbaadan himaniiru. Waa'een rakkoo lammiilee manneen hidhaa Sa'uudii jiranii namoota hedduutti yaaddoo guddoo uumeera. Keessaahuu miidiyaa hawaasummaarratti peestaala gurraacha akka huccuutti ofitti xaxuun rakkoo lammiilee kunneen qooddachuu ibsuun akkaan heddummaateera. Kanaan cinatti jaarmiyaalee fi namoonni dhuunfaas lammiilee kunneeniif sagalee ta'uun, keessattuu mootummaan Itoophiyaa xiyyeeffannaa kennuu akka qabu gaafataa jiru. Paartilee siyaasaa keessaa dhimma rakkoo lammiilee kunneeniirratti ibsa kan baase Kongiresiin Federaalawaa Oromoo (KFO), mootummaan lammiilee isaa baraaruu qaba jedhe. KFOn akka jedhutti sababii ijoon lammiilee biyyattii rakkoo kanaaf saaxile, haala siyaasaa walxaxaa fi imaammata diinagdee bu'a qabeessa ta'e dhabuudha. ''Imaammatoonni guddinaaf jedhamanii biyya keenya keessatti bahan, hirmaachisaafi sirrii ta'uu dhabuudhaan, gariin hojiirra hinoolan.
''Imaammatoonni guddinaaf jedhamanii biyya keenya keessatti bahan, hirmaachisaafi sirrii ta'uu dhabuudhaan, gariin hojiirra hinoolan. Hanga ta'e yoo hojiirra oolanis fedhii namootaafi garee muraasaaf giddugaleessa waan taasifamaniif, fedhii ummattoota keenyaa otoo hin guutiin karaatti hafu,'' jedha ibsi KFO. KFON dabaluun ibsa isaa keessatti: ''Lafa bal'aafi qabeenya uumamaa hedduu otoo qabnuu, haalaan misoomsuu dhabuudhaan kan ka'e lammiileen keenya jireenya dhuunfaafi maatiisaanii fooyyessuuf jecha haala baay'ee sodaachisaafi yaaddessaa ta'e keessaan gara godaansaatti qajeelu. ''Karaa biraatiin bulchiinsi siyaasaa biyya keenyaa walxaxaa ta'uurraa kan ka'e, lammiileen kana baqachuuf biyyarraa godaanan lakkoofsi isaanii laayyoo miti,'' jedhe. Lammiileen Itoophiyaa erga godaansaaf daandii qabatanii eegalee hanga biyyoota alaa dhaqanii qubatanitti gidiraan isaan mudatu akkaan nama suukanneessa kan jedhe KFOn, mootummaan waan hunda dura lammiilee Sa'uudiitti hiraarfamaa jiraniif dursa akka kennu dhaame. "Yeroodhaaf wantootni baay'een nutti hafanii, mootummaan lubbuu lammiilee kanaa otoo baraaree gaariidha qaamoleen jedhaa jiran hedduudha. KFOnis yaada kana nideeggara.'' ''Kanaafuu, hanga ammaatti lubbuu hedduu dhabnus, mootummaan lubbuu lammiilee hafanii baraaruuf, tarkaanfii hatattamaa akka fudhatu nigaafanna.''
'Uummatni Affaar lola isa hin ilaallanne lolaa jira kan jedhu dogongora'-Paartii Uummata Affaar "Lolli bifa hamtuurra jira. Uummataa fi jara TPLF gidduutti lola jabaatu adeemaa jira" jechuun dura taa'aan Paartii Uummata Affaar Obbo Musaa Adam BBCti himaniiru. Lola humnootiin TPLF Mudde 10/2014 irraa eegalee naannoo Affaar godina Kibaltii Rasuu irratti bananiin namootni kuma 300 ol qe'ee isaaniitii buqqa'uu mootummaan naannichaa beeksiseera. Haala nageenyaa naannichaa irratti Prezidaantii naannoo Affaar Obbo Awwal Arbaa walin mari'achuu kan himan Obbo Musaa, "uummatni keenya yeroo ammaa dhimma waraana kanaan walqabatee haala hamaa keessa jira waan ta'eef uummata kana akkamitti gargaaruu akka qabnu mari'anne" jedhan. Dabalataan "lola kanas hatattamaan akkamitti dhaabuu akka qabnu, walumaagalatti sarbamuun mirga namaa naannoo kana keessatti gaggeeffamaa jirus akkamitti sirreeffamuu akka qabu irratti haasofnee jirra" jedhan. Waraana naannoo Affaar keessatti adeemaa jiruun humnootii TPLF lolaa kan jiru uummata horsiise bulaa naannichaafii humnootii mootummaa naannichaa akka ta'an Obbo Musaa Adam BBCti himaniiru. Waajjirri Kumunikeeshinii naannoo Affaar ibsa Dilbata darbe baaseen aaanaalee shan kanneen godina Kilbatii Rasuu keessaatti argaman fi magaalaan Abaalaa humnootii TPLFn to'atamuu himeera. Haleellaa humnootiin TPLF "meeshaalee gurguddaan deeggaramuun gaggeessaa jiran kun Sardoo qabachuun daandii guddicha gara Jabuutii geessuu to'achuufi Affaar akka lafa falmiitti fayyadamuuf'' kan kiyyeffateedha jedheera. "Lolli bifa hamtuurra jira. Nuti ammallee garasuma jirra. Uummata fi jara TPLF gidduutti lola jabaatu adeemaa jira" kan jedhan dura taa'aan Paartii Uummata Affaar Obbo Musaa Adam Umar, lolli godina Kibaltii Rasuu keessa aanaalee afur keessatti adeemaa jiraachuu himan.
Humnootiin TPLF aanaalee Ab'aalaa fi Ebartii jedhaman to'atanii akka jiranfii aanaalee Baraahilee fi Konabaa keessattimmoo lolli cimaan akka jiru Obbo Musaan BBCti himaniiru. "Lola akka isaan fedhanitti ta'u miti. Akka nuti feenullee kan ta'u miti. Kanaaf lubbuu ilma namaa hedduutu dhumaa jira" jedhan. Kanaaf humnootiin TPLF naannoo Affaar keessaa bahu akka qaban, waraanni dhaabbachuu akka qabufii gargaarsi namoomaa ummata naannolee Affaar fi Tigraayif qaqqabuu akka qabu himan. Dura taa'aan TPLF Dr. Dabratsiyoon Gabra Mikaa'el gaaffiif deebii torbee tokko dura BBC newshour waliin taasisanin haleellaa gama naannoo Affaariin irratti aggaamamuu danda'u hambisuuf humnootiin isaanii gara naannichaa akka seenan himanii turan. Haa ta'u malee dura taa'aan Paartii Uummata Affaar Obbo Musaa Adam, yaadni hogganaa TPLF sirrii akka hintaanefii yaaddoon lolaa isaan baanan gama godina Kibaltii Rasuun kan hinjirre ta'uu himu. "Naannoo isaan amma lola itti bananitti nama lola isaanitti banu dhiisi waraanni Ittisa Biyyaa hin turre. Poolisiin addaa Affaaris achi hin turre. Ummatuma irratti lola kana banan" jedhan. Dabaluunis "mootummaa giddugalaarratti dhiibbaa uumuudhaaf waa harkaa qabaachuu qabu waan ta'eef keessattuu naannolee Amaaraafii Affaar irraa aanaalee hanga ta'e qabachuu barbaadu" jedhan. "Lafa sana qabatanii mootummaa giddugalaa waliin mariidhaaf gadi taa'uuf yaadaa jiru" jechuunis himan. Humnootiin TPLF mootummaa federaalaarratti dhiibbaa uumuuf jecha lolichi akka dhaabbatuuf fedhii akka hinqabne kan himan Obbo Musaan, "uummatni Affaar gatii isaaf hinmalle kaffalaa jira" jedhan. Obbo Musaa Adam lola naannoo Affaar keessatti adeemaa jiru ilaalchisee ilaalchi dogongoraa akka jirufii haalli qabatamaan jiru hubatamuu akka qabu himu. "Yeroo ammaa kana uummatni ollaa keenyaa uummatni Oromoo ilaalcha dogongoraa tokko akka qaban nutti dhagahamaa jira" jedhan.
"Yeroo ammaa kana uummatni ollaa keenyaa uummatni Oromoo ilaalcha dogongoraa tokko akka qaban nutti dhagahamaa jira" jedhan. Yaadni "uummatni Affaar lola isa hin ilaallanne lolaa jira" jedhu jiraachuu kan himan Obbo Musaa, yaadichi dogongora ta'uu himan. "Yeroo ammaa kana Affaar maqaa ofiitiin malee, biyya ofiirratti malee, dhimma ofiirratti malee maqaa uummata biraa qabatee dhimma uummata biraa bakkaan gahuudhaaf hojiin hojjetu tokkolleen hinjiru" jedhan. "Biyya ofiirratti, lafa ofiirratti, qabeenya ofiirratti miidhamaa jirra. Kun akka nuf hubatu barbaadna" jechuunis himaniiru. Yaadni obbo Muusaan kaasaan kun yaada roogeeyyiin miidiyaa hawaasaa Oromoo kaasaa jiran gara caalu ilaallata. Waraanni waggaa tokko dura naannoo Tigraay ka'umsa godhate gara naannolee Amaaraafii Affaar babal'atee namafii qabeeyarratti miidhaa qaqqabsiisunsaa ni yaadatama. Lolichaan namootni miliyoonaan lakka'aman qe'ee isaaniitii kan buqqa'an yemmu ta'u kumaan kan lakka'aman lubbuu dhabuutu gabaafama. Waraanichi humnoonni TPLF naannolee qabatanii turan keessaa bahuu hordofee kan qabbanaa'ee fakkaatee turus akka haarawatti gama naannoo Affaariin itti fufeera.
Godinaalee Oromiyaa afur keessatti barattootni kuma 20 ol qormaata biyyaalessaa fudhachaa jiru Qormaatni biyyaalessaa kutaa 12 rakkoo nageenyaarraa kan ka'e godinaalee Oromiyaa afur keessatti gariin osoo hin kennamiin hafe amma kennamaa jiraachuu Biiroon Barnootaa Oromiyaa beeksise. Godinaalee Qeellam Wallaagaa, Wallagga Lixaa, Wallagga Bahaafi Shawaa Lixaa keessatti walumaa galatti barattootni kuma 22, 519 ta'an karoora idileen guutuu biyya waliin osoo hin qoratamiin hafan torban kana keessa haala naga qabeessa ta'een qoratamaa jiraachuu hoogganaa Itti-aanaan biirichaa Obbo Efreem Tasammaa BBC'tti himan. ''Qormaatni biyyoolessaa kutaa 12ffaa bara darbe kan kennamuun irra ture sababa nageenyaan buufataalee qormaataa 897 keessaa buufataaleen qormaataa 55 osoo hin milkaahiin hafetti amma hundi isaanii qormaata kanarratti hirmaachaa jiru.'' Barattootni godinaalee Oromiyaa afur irraa osoo hin qoratamiin hafanii amma qoramaa jiran kuma 22,000 ta'uu himanii, ammas haracaatiin mudatee yoo jiraate qoratanii akka adda baasaan obbo Efreem himaniiru. Harcaatiin wayita nageenyi guutuun jiruus sababoota biroon akka mudatu himanii, kana ammaa qormaatni kun kennamee erga raawwatee beekamaa jedhan. Barattootni amma qormaata kana fudhachaa jiran '' yeroo qophii idileen ol waan argatanii tureefi wayita barnootni kennamaa ture rakkoon nageenyaa keessa waan hin turreef ammaatti ilaalchi addaa barattoota kanaaf godhamu hin jiru'' jedhan Obbo Efreem. Godina Qeellam Wallaaggaa keessatti manneen barnootaa 41 keessa kan turan barattootni 14,500 ol, Wallagga Lixaa keessatti barattootni 2,000 ol manneen barnootaa afur keessa turan, Shawaa Lixaa keessatti aanaalee Abuunaa Gindabaratiifi Gindabarat keessa manneen barnootaa 10 keessa kan turan barattootni 4500 ol kan hafan ammoo godina Wallagga bahaarraa ta'uu obbo Efreem himaniiru.
Waraana Kaaba Itoophiyaatti mootummaa Federaalaafi hidhattoota TPLF gidduutti mudate hordofee naannoo Oromiyaa gariin keessatti rakkoo hammaateen barattoota qormaatarraa barfatan kanaan cinaatti naannoo Amaaraa kan humnoota TPLF'n qabamanii turan keessatti barattoota kumootaan lakkaawamaniif qormaatichi kennamaa jira. Rakkoo nageenyaa Kaaba Itoophiyaatti ji'oota 15 dura eegaleen walqabatee naannoo Oromiyaa Godinaalee wallaggaa Afran, Shawaa Lixaafi Gujii keessatti walumaagalatti manneen barnootaa 900 ol hudhattoota mootummaan ABO-Shanee jedhuun mancaafamuu Obbo Efreeem dabalanii BBC'tti himaniiru. ''Manneen barnoota 912 ta'an bakka farreen uummataa maqaa Shaneetiin beekamu jiru hundatti rakkoon qunnameera. Keessumaa Manneen barnoota 163 guutummaan guutuutti manca'ani.'' Kanneen hafan qabeenyi isaanii saamamuufi barbadaa'uu himanii, damee barnootaan alatti waajiraalee mootummaarra miidhaan gahuu himan. Deeggarsa uummataa fi qaamolee nageenyaan manneen barnootaa suuphamanii tajaajilatti deebi'an hangi ta'e jiraachuus dubbatan. Naannolee manneen barnootaa kun jiran keessatti barattootni 360,000 ta'an sababa kanaan barnootaan ala ta'uus himaniiru. Miidhaan kun kan qaqqabe erga waraannii Kaaba Itoophiyaa dhalatee booda akka ta'es himaniiru. ''Waraana Karaa Kaabaa Juntaan baneen kan walqabateedha jeequmsiifi rakkoon manneen barnootaarra gahe.'' Ragaa qabatamaa suuraafi kaaniin deeggarame qabaachuu baataniis manneen barnootaa mancaafaman garii hidhattootaaf akka buufata waraanaatti tajaajilaa akka jirullee obbo Efreem himaniiru. ''Manneen barnootaa saamaman Manca'an jennu kana kaampii dabalatee wanni gochuu hin dandeenye hin jiru.'' Barsiisonni kuma shanii ol ta'an manneen barnootaa manca'an kana keessa tajaajilan hojiin ala ta'uu gabaasni biiroo barnootaa kan mul'isu yoo ta'u, amma barsiisonni kun maal keessa jiru jennee obbo Efreem gaafanneera.
Barsiisonni kuma shanii ol ta'an manneen barnootaa manca'an kana keessa tajaajilan hojiin ala ta'uu gabaasni biiroo barnootaa kan mul'isu yoo ta'u, amma barsiisonni kun maal keessa jiru jennee obbo Efreem gaafanneera. ''Manneen barnootaa kun har'aa bor deebi'anii banamu jennee waan yaadnuuf bakka biraatti isaan dabarsuun rakkisaadha. Manneen barnootaa tokko tokkotti ammoo ragaan isaanii waan gubaateef eenyu barsiisaa eenyu hojjetaa bulchiinsaa akka ta'elle adda baasuun rakkisaadha,'' jedhan. Manneen barnootaan cinaatti waajiraaleen barnootaas bakki guutummaatti manca'an waan jiruuf mindaa barsiisootaafi hojjettoota kaanii kaffaluun''rakkoon guddaan'' mudachuu himanii, bakka ragaaleen birsiisotaa jiranitti garuu miidnaan kaffalamaa akka jiru dubbatan.
Ganda keessaa ijoollee leenjisuurraa hanga xumura Waancaa Adunyaatti-Leenjisaa Arjentiinaa Liyonel Iskaaloonii Liyoonel Iskaalooniin soorama erga bahee gara wagga tokkoo oliif nama abdii dhabee tahee ture. Leenjisaa garee biyyaalessaa Arjentiinaa yeroo ammaati. Kanan dura namni 'abbaa kanaa isa jedhu' dhibe ture, amma garuu biyyattii keessatti 'isa malee' jedhmaa jira. Beekamtii inni horateyyu akka Arjentiinaan Waancaa Addunyaa Qaataar kana fudhattuuf ni gargaara jechaa jiru. Taphataa sarara ittisa cinaa West Haam kan ture leenjisaan Arjentiinaa, qe’ee jireenya isaa odola Maayookaa irratti kilaba ganda sanaa jirtu tokko ijoollee keessan nama isiniif leenjisu yoo barbaaddaniif ani jira jechuun yeroo gaafataa tures jira. Akkuma gaafate tole jedhaniifii ijoollee ganda sanaa leenjisaa ture. Bara 2016 ijoollee waliin shaakala hojjetee yeroo deebi’u Liyonel Mesiin Argentiinaaf taphachuu irraa sooarama bahuu isaa akka ibse dhagahe. Yoo kana dhagahu amanuu hin dandeenye. Tiwiiterii irratti suuraa isaa fi Mesiin xumura waancaa Coppa America irratti waliin taphatan qoode. Ergaan isaa ammoo akkas jedha. Suuraan kun waan hundaa dubbata….Liyoo hin deemiin,’’ kan jedhu ture. Yeroo sana maaltu akka tahuuf jedhu beekuu baatus har’a Liyonel Iskaalooniin Waancaa Adunyaa injifachuuf Arjentiinaa waliin morkata. Liyonel Mesiinis yaada isaa jijjiiree, innis leenjisaa isanii tahee sadarkaa kanarra gahan. Liyonel Iskaalooniin erga leenjisaa Arjentiinaa tahee hojii jalqabee waggoota 28 waancaa malee kan turte Arjentiinaan, akka waancaa Coppa America 2021 injifattu gargaareera. Kun jalqabbii ‘’La Iskaaloonetati,’’ maqaa masoo taphattootni isaaf baasaniiranidha. Leenjisaan ganna 44 amma Arjentiinaa keessatti nama hedduu jaalatamuu fi faarfamu taheera.
Osooma Waancaan Adunyaallee hin jalqabiin kontiraata isaa hanga bara 2026tti haaresseera. Kun abdii akkamii akka irraa qaban agarsisa. Leenjisaan Arjentiinaa Waancaa Adunyaa booda hojii isaanii irra turan Maarseelloo Beelsaa qofa ture. Kunis bara 2002 keessa. Kun jaalatamummaa akka qabu agarsiisa. Gareen hundi leenjisaanii irraa abdii guddaa qabu. Akka kana duraa osoo hin taane Mesii fi waayillan isa waliin taphatan amma ija keessa wal ilaaluun dubbachaa jiru. Yoo Waancaa Adunyaa erga bara 1986 as mo’achuu dadhaban fudhatanii qe’eetti deebi’an ammoo akkam miira addaa uumuu danda’a seetan. ‘’Gareen leenjiftootaa keenya keessatti taphattoota duraanii hidhannoo Arjentiinaan waan hedduu keessa darbantu hammatameera. Pabloo Ayimaar, Roobertoo Ayaalaa, Walter Saamu’eel fa’aa keessatt argamu,’’ jedhe taphataan duraanii sarara giduu Luuchoo Gonzaalez. ‘’Gareen keenya miira gammachuun yeroo waliin hojjetan amma ni argita. Taphataa jabaa adunyaa kanaa qabna. Garuu gareen keenya isa irratti qofa hirkachaa waan hin jirreef isattis akka tolu godheera,’’ jedhe. Gareen Arjentiinaa kun tokkummaa adda tahe qaba. Yeroo taphataan Juvantas amma isaan waliin jiru Liindiroo Paredesh guyyaa dhaloota isaa kabajatu, taphattootni 13 gara imalanii isa waliin kabajaniiru. Leenjisaan isaanii Iskaalooniin seera tokko qaba. Yeroo waliin kaampii turanitti taphattootni hundinuu deeskii tokko irra taa’uun ija keessa wal ilaaluu qabu. Sa’ud Arabiyaadhaan mo’amanii jalqabanis kun isaan hin dhaabne. Amma morkii jabaa tahus Faransaay waliin har’a isa xumuraaf wal argu. ‘’Waancaa Adunyaa adda tahedha. Yeroo jalqabaaf Waancaa Adunyaa irratti Maraadoonaa of biraa dhabne. Shakkii hin qabu ol gubbaa jannata keessaa nu deeggaraa jira,’’ jedhe Luuchoon.
Shakkii hin qabu ol gubbaa jannata keessaa nu deeggaraa jira,’’ jedhe Luuchoon. Leenjisaan Arjentiinaa Iskaalooniin bara 2019 osoo saayikiliin karaara deemuu balaan konkolaataa irra gahees yaalamee fayyeera.
Mesii fi Mbappe keessaa eenyutu mirgaan gala jettu? Waancaan Addunyaa 2022 Qaataar keessummeessaa turte kan ji'a tokkoo oliif qalbii addunyaa haalaan hawwachaa ture har'a xumurama. Galgala kana sa'aatii 12:00 ta'uu daqiiqaan 10 yeroo hafutti biyyi Laatiin Ameerikaa, Arjentiinaa fi biyyi Awurooppaa, Faransaay waliif ba'uuf jiru. Arjentiinaan Liyooneel Mesii, Faransaay ammoo Kiliyaan Mbappe qabataniiru. Taphattoonni kunneen lamaan kilaba Faransaay guddicha Paris St. Germain keessatti waliin taphachaa jiru. Har'a garuu biyya isaaniitiif hiriiranii Waancaa Addunyaa 2022 harka galfachuun seenaa hojjechuuf wal falmuuf jiru. Mesiin yoo mo'atee Arjentiinaan erga bara 1986 yeroo jalqabaatiif Arjentiinaa akka waancaa argattu taasisa. Mbappe yoo mo'ate ammoo biyya isaa Faransaay walitti aansuun Waancaa Addunyaa mo'achuun seenaa haaraa akka galmeessitu gargaara. Dorgommiin Waancaa Addunyaa 2022 kun haala kanaan dura hin baramneen hawwataa akka ture namoonni hedduun ni dubbatu. "Dorgommii Waancaa Addunyaa kana fakkaatu arginee hin beeknu. Hedduu wantonni hin eegamiin mul'ataniiru. Taphoonni garee biyyoota gara garaa gidduutti taasifaman kan qalbii nama rarraasan turan," jechaa jiru. "Qaataar Waancaa Addunyaa 2022 qopheessiti" jedhamee yeroo labsametti lammileen biyyattii dabalatee waan hin eegne ta'uu isaatiin ajaa'ibsiifannaafi naasuun uumamee ture. Namoonni hedduun dorgommiin Waancaa Addunyaa gara 'Barahaa' Dohaa geeffamuun isaa srrii miti jechuun gungumuurra darbanii, Qaataar kabaja mirgoota namoomaatiif giroo hin qabdu jechuun himatan. Kana malees, sababa qilleensa ho'aa biyyattiirraa kan ka'e yeroo dorgommii Waancaa Addunyaa kan duraan barame Waxabajjiifi Adoolessa irraa gara Sadaasaafi Muddeetti akka gaggeeffamu taasifamuun isaa sirrii miti jechuun mormii dhageessisaa turaniiru.
Qaataar oduu diinaaf gurra hin kennine. Waancaa Addunyaa akkaan miidhagaa ta'e kana qopheessuudhaaf waggaaota kurnan darban ko'oommachaa turteetti. Guyyaan isaas gahee uummanni addunyaa gara Dohaatti dacha'an. Addunyaa irratti ammoo iji miliyoonoyaa TV irratti hafe. Waancaan Addunyaa Qaataar kun mudannoowwan hedduu namoota hedduu ajaa'ibsiise kan irratti mul'ates ta'e. Mudannoo ture keessaa tokko ammoo biyyi amma xumura Waancaaf dhiyaatte Arjentinaa irratti waan ta'e ture. Arjentiinaan amma waancaa harka galfachuuf daqiiqaa 90 qofa eegaa jirtu kun Sa'ud Arabiyaatiin mo'amte. Sa'ud Arabiyaan Arjentiinaa warra Mesii mo'achuun addunyaa osoo ajaa'ibaa jiruu Jaappaan ammoo korommii kubbaa miilaa Awurooppaa kan ta'an Jarman lafaan dhoote. Kunis ajaa'ib jedhame. Yoom kana qofa ree. Kooriyaan Kibbaa ammoo tulluu Awurooppaa biraa jigsite. Ispeeniin yeroo mo'attu eenyu danda'ee amanaree? Taateewwan hin eegamiin kunneen ammoo qeeqa osoo walirraa hin citiin Qaataar irratti dhiyaatullee dagachiiseera. Ijaafi qalbiin addunyaa gara garee biyyootaafi taphattootaa, akkasumas gara kubbattiitti deebiye. Wanti biraan ajaa'iba jedhame cimina biyyi Afrikaa Morookoon agarsiifte ture. Morookoon Waancaa Addunyaa irratti biyya Afrikaafi Arabaa yeroo jalqabaatiif xumura walakkaa qaqqabuu dandeesse ta'uun seenaa haaraa galmeessiteetti. Torban darbe Faransaay kan amma xumura Waancaaf dabarteen adabamtee, kaleessa ammoo Kirooshiyaa waliin sadarkaaf taphattee mo'amuun afraffaan xumurtus, seenaa namuu hin eegiin ol kaawwatteetti Morookoon. Morookoon Waancaa Addunyaa bara 2022 Qaataar kana irratti xumura waancaa osoo hin ga'iin haftus sadarkaa haaraa galmeessiteen garee biyyattiin boonaa jirti.
Gareen biyyaaleessa Morookoo Afrikaa fi biyyoota Arabaa keessaa yeroo jalqabaatiif dorgommii walakkaa xumuraa qaqqabuun seenaa hojjachuu isaaniitiif Morookoo Mohaammad 6ffaan garee biyya isaan toora tiwitaraa gubbatti galateeffatan. Hooggantoonni biyyoota biroollee otoo hin hafiin ga'umsa gareen Morookoo argarsiisan dinqisiifatan.Pirezedantiin Faraansaay Imaanu’eel Maakiroon gareen kubbaa miilaa Morookoo dorgommii Waancaa Addunyaarratti seenaa dalaganiif galateeffatan. ‘’Michuuwwan keenya warri Morookoon sadarkaa miidhagaa kanarra qaqqabuu keessaniif baga gammaddan Kkubbaa miilaa keessatti seenaa dalagdaniittu," jedhan Maakiroon. Pirezedantiin Ameerikaa Joo Baayiden,’’ milkaa’inni gareen kun gonfate wayita ilaalamu qalbii namaa kan booji’udha,’’ jedhanii jajan. Taphataan sarara fuulduraa Faransaay Kiliyaan Mibappee, waayila isaa kilaaba kubbaa miilaa Faransaay PSG’f taphatu Asharaaf Hakiimiin akkas jedhe:’’namni kamiyyuu kan isin hojjataniin ni boona, seena hojjatan,’’ jedheen. Sabaa-himaaleen hedduu xumura Waancaa Addunyaa 2022 kana falmii jara lamaan PSG-Liyooneel Mesii fi Kiliyaan Mbappee akka ta'etti gabaasaa jiru. Kilaba PSG keessatti waahellan fi michuuwwan kubbaa waliif dabarsanii ykn waliif oogaa taphatanidha. Har'a garuu masaanota walii ta'anii dhiyaatu. Taphataa collee umuriin isaa waggaa 23 ta'e dargaggeessi Faransaay Kiliyaan Mbappe, Waancaa Addunyaa lamaffaa isaa fudhachuuf qophaa'aa jira. Umuriin waggaa 12 kan isa angafuufi maqaa mootii kubbaa miilaa jedhamuurra gahaa kan jiru Liyooneel Mesiin ammoo Waancaa Addunyaa isaaf kan jalqabaafi kan xumuraa ta'e harkaan ga'achuudhaaf kaka'aa jira. Waancaa Addunyaa kanaan dura walitti aansuun kan mo'atte Biraazil qofa turte.
Waancaa Addunyaa kanaan dura walitti aansuun kan mo'atte Biraazil qofa turte. Barri isaa ammoo bara 1958 fi 1962 ture. Faransaay bara 2018 Kirooshiyaatiin 4-2n mo'achuun waancaa yeroo fudhateetti taphattoota goolii lakkoofsisan keessaa tokko Kiliyaan Mbappe ture. Addunyaa kanarratti taphataan Waancaa Addunyaa si'a sadii mo'ate taphtaa Biraazil Peelee qofa ture. Peelee dabalatee taphattoonni Waancaa Addunyaa tokkoo ol carraa mo'achuu argatan ammoo 21 ta'u. Kiliyaan Mbappee umurii ijoollummaa isaatiin seenaa kanatti makamuuf jiraa? Mesiin garuu umuriin isaa waan deemeeruuf kophee isaa rarraasuu/fannisuutti dhiyaateera. Mesiin Waancaa Addunyaa malee waancaa biroo hedduu guurrateera. Mesiin bara 2014 xumura Waancaa Addunyaatiif qaqqabee Jarmaniif kennee deebiyuun isaa ni yaadatama. Mesiin taphni Waancaa Addunyaa har'aa kun isa dhumaa akka ta'eef dubbateera. Mesiin tpha har'aa kana mo'atee Arjentiinaan akka waancaa argattu taasifnaan, taphataa bara kamittiyyu filatamaa akka ta'u deeggartoonni kubbaa miilaa himaa jiru. Waancaan Addunyaa 2022 kun kanaafidha kan qalbii nama rarraasuufi haalaan eegamuufis. Waancaan Addunyaa 2022 Qaataar kun waan tokko nama barsiiseera. Eenyuyyu eenyu waliin haa taphatan, garee biyya kanaati mo'ata jedhanii tilmaamuun rakkisaadha. Ta'us garuu isin tilmaamuu hin dhiisiinaa. Waancaa har'aa eenyutu mo'ataa? Mesii moo Mbappe?
Arjentiinaa 3 -0 Kirooshiyaa: Mesiin biyya isaa Waancaa Addunyaa 2022f geessise Arjentiinaan galchii Liyonel Mesii fi Yuuliyaan Alvaarez lamaan Kirooshiyaa injifachuun xumura Waancaa Adunyaaf darbite. Liyonel Mesiin galchii jalqabaa rukuttaa peenaaliitiin Arjentiinaaf lakkoofsisuun dursa yoo qabatan, taphataan sarara duraa Maanchister Siitii ganna 22 kan tahe galchii lammaffaa fi sadaffaa lakkoofsise. Arjentiinaan Morookoo fi Faransaay keessaa kan injifatu waliin gaafa Mudde 18, 2022 waancaaf taphatti. Arjentiinaan erga bara 2014, xumura waancaaf Jarman waliin dhaqqabdee 1 fi 0'n mo'amuun waancaa dhabdee yeroo jalqabaaf xumuraaf geesse. Yeroo xumuraaf Waancaa Adunyaa kan mo'atte ammoo 1986 ture. Yeroo sana akkuma Mesii maqaa guddaa kubba miilaan kan qabu Diyeegoo Maraadoonaa umurii isaa ganna 25'niin dursaa taphattootaa ture. Amma Mesiin ganna 35 tahuun dursaa taphattoota Arjentiinaa tahuun Kaataaritti biyya isaa xumuraaf dhaqqabsiise. Waancaa Adunyaa tokko irratti galchiiwwan 11 lakkoofsisuun rikardii Gabri'eel Batistutaa cabseera. Biyya isaaf galchii hedduu lakkoofsisuunis rikardii harkaa qaba. Liyonel Mesiin Waancaa Adunyaa Raashiyaan bara 2018 qopheesite irratti biyyi isaa Arjentiinaan waancaaf gahuu dhabuu isheen abdii kutatee tapha biyya isaaf taasisu irraa akka soorama bahe ibsee ture. Booda taphattoota duraanii Arjentiinaa fi jaalattoota ispoortii biyya isaan kadhatamee yaada isaa kaase. Mesiin waancaa Shaampiyoonsi Liigii, Laaligaa fi kaan kilaba isaa duraanii Baarseloonaa waliin injifatus biyya isaa waliin waancaa homaa hin mo’anne ture.
Mesiin waancaa Shaampiyoonsi Liigii, Laaligaa fi kaan kilaba isaa duraanii Baarseloonaa waliin injifatus biyya isaa waliin waancaa homaa hin mo’anne ture. Bara 2014 Waancaa Adunyaa Biraazil qopheesite irratti xumura waancaaf dhaqabanii ture. Haa tahu malee galchii Maariyoo Go’itezee Jarmaniif lakkoofsiseen mo’amanii waancaa dhaban. Bara 2018 yeroo Raashiyaan qopheesite ammoo Kirooshiyaan 3 fi 0’n mo’amanii oso walakkaa xumuraaf hin darbiin hafan. Dabalataan waancaa biyyootni Laatin Ameerikaa irratti wal dorgoman ‘Copa America’ irratti walitti aansuun yeroo sadii bara 2016, 2019 fi 2021 xumura waancaaf dhaqabeera. Injifannoon jalqabaa biyya isaa waliin goonfate garuu Copa America 2021 yoo tahu, morkattuu isaanii Biraaziliin 1 fi 0’n mo’achuun ture. Injifannoon kun erga soorama bahuu isaa ibsee boda yaada isaa jijjiiruun argatedha. Ammas kana boda hin mo’adhu jechuun abdii kutee kan ture Waancaa Adunyaa mo’achuuf qarqara irra gaheera. Mesiif injifannoon Waancaa Adunyaa hiika guddaa qaba. Sababni isaa waan hunda mo’atee kan dhabe waancaa kana qofa waan taheef. Sadarkaa Diyeegoo maraadoonaa fa’aatti akka hin waamamne kan mormii irratti kaasaa tures biyya isaa waliin Waancaa Adunyaa mo’achuu dadhabuu isaati. Kun morkataa isa ayeroo hundaa Kiristaanoo Roonaaldoofis seenaa wal fakkaataadha. Roonaaldoon amma ganna 37 yoo tahu, biyyi isaa Poorchugaal biyya Afrikaa Morookoodhaan mo’amuun waancicha keessaa baate. Mesiin yoo waancaa Adunyaa kan mo’atu tahe, wal falmii Roonaaldoo moo Mesii jedhuuf deebii gahaa kenna.
Daandii qilleensaa dubartoota ulfaa hojiirraa dhorku ''Hojiin koo ijoon xiyyaara irra hojjechuu waan ta'eef hojii biraan waldorgomsiisee filannoo biraa soquuf sababa tokkollee hin qabun ture. Kun nama hundaaf waan hojjetuuf yeroo gabaabaa keessatti narratti jijjiirama jedhee hin yaadne,'' jetti Kilara Fu. Dubartiin kun garaatti baachuushee wayita bartu, gammachuun isheen hojiisheef qabdu battaluma gaddaa fi yaaddootti jijjiirame. Daandii Qilleensaa Singaappor keessatti xiyyaara keessatti maamiloota keessummeessuun hojjechaa kan turte dubartiin kun, hojiishee gadhiisuu akka qabdu dursitee barte. Sababni isaas daandiin qilleensaa kun dubartoonni ulfaa'anii ji'a sadi keessatti hojii itti fufuu akka hin dandeenye kaa'ee waan jiruuf. Kilara Fu erga deessee booda hojiisheetti deebitus ammas kan biraa ulfooftee hojii dhaabuuf dirqamte. Maatiishee kophaa kan jiraachiftu waan ta'eef osoo garaadhaa qabduu dhokfattee hojjechaa turte, garuu ji'a shan booda wayita imalaan tokko ulfa garaashee baru yogguma sana hojiishee dhaabde. ''Baayyee ulfaataa ture. Hangan danda'etti akkuma duraatti hojiikoo itti fufuuf yaaleera,'' jette Kilara Fu. Imaammati Daandii Qilleensaa jaarraa walakkaaf ture kun Adoolessa darbe akka hafu murtaa'ee ture. Garuu sababii biyyattiin seera farra qoollifannaa (anti-discrimination law) hin qabneef ammallee Singaappor keessatti seera qabeessaan hojiirra oola jedha Dhaabbata Seeraa Simmons and Simmons Law jedhamurraa Clarence Ding. "Kun imaammanni Daandii Qilleensaa Singaappor (SIA) rakkoo hin qabu jechuu miti. [Qajeelfamni qaxarrii Singaapoor] hojjechiistonni gochaalee qaxarrii haqa qabeessa ta'e hojiirra oolchuu akka qaban ibsa," jedha. "Qajeelfamni kun humna seeraa hin qabu. Adabbii kamiyyuu kan hin kabajneef hin kaa'u.
Sababni dhaabbileen qajeelfama kana hordofaniif, Ministeerri Humna Namaa (MOM) irra deddeebiin hojjechiistonni hundi akkas gochuu akka qaban ibsee waan tureef qofa, " jedhe Obbo Ding itti dabaluudhaan. SIAn jijjiirama kanaaf sababa kan hin ibsine ta’us, daandiiwwan qilleensaa addunyaa yeroo weerara koronaavaayirasii jumlaan hojii irraa ari’amanii booda hanqina hojjettootaa wajjin rakkachaa yeroo turanitti kan ta’edha. Seera haaraa kanaan hojjettoonni balalii garaatti batan hanga ji'a sagaliitti gara gahee biraatti akka geeffaman, erga da'anii booda ammoo gara balali'uutti akka deebi'an iyyachuu ni danda'u. Daandii qilleensaa Singaappor keessa turuuf maatii horachuu dhiisuu yookiin hojii dhiisuun dirqama jetti dubartiin bara 1980oota keessa daandii qilleensaa kana keessa hojjechaa turte Elizabeth Low. Ashley Hong waggaa lamaaf erga hojjettee booda sababa ulfoofteef bara 2011 hojiishee dhabde. Dubartoonni ulfaa nageenyasaaniif jecha xiyyaaraan balali'uu dhaabuun waan dansaadha jettee kan amantu dubartiin kun, garuu osoo carraa argattee kubbaaniyyaa kana keessa turtee akka gammaddu ibsite. "Hundi keenyayyuu wayita hojii kanaaf mallatteessinu, hojiin sun daangaa akka qabuu fi yoo ulfoofne guyyaa xumuraa akka qabaatu bareechinee beekuudhaan ture," jetti Aadde Hoong. Waldaan Dubartootaa Singaappor- Singapore's Association of Women for Action and Research (Aware) jedhamu waggoota kurnaa oliif gocha kana mormuun dubbataa ture. Gareen kun hojjettoota daandii qilleensaa hojii gadhiisuuf dirqaman ilaalchisee komiin akka isa qaqqabe ibseera. Bara 2010tti daandiin qilleensaa-SIAn hojjettoonni balalii ulfa ta'an hojii akka gadhiisan akka gaafatu ibseera. Sababiin isaas "hojjettoonni xiyyaaraa hundi hojii isaanii raawwachuuf ga'umsa qabaachuu qabu,'' kan jedhuudha.
Sababiin isaas "hojjettoonni xiyyaaraa hundi hojii isaanii raawwachuuf ga'umsa qabaachuu qabu,'' kan jedhuudha. Daandiin xiyyaaraa kun deebii gaazexaa Singaapoor Straits Times irratti maxxanseen, ''Akka hojjechiisaa itti gaafatamummaa qabuutti fayyaa qaamaa hojjettoota xiyyaaraa ulfaa fi ijoollee isaanii garaa keessa jiran balaadhaaf saaxiluu hin qabnu,'' jedheera. Waldaan Geejjibaa Qilleensaa Idil-addunyaa (Iata) imaammata kana irratti yaada tokkollee akka hin qabne BBC'tti himeera, sababiin isaas ''kun imaammata humna namaa dhaabbilee dhuunfaatiin qophaa'e waan ta'eef'' jedheera.\n\nDaandiiwwan xiyyaaraa gurguddoon biroo hojjettoonni xiyyaaraa ulfaa ta'an hojii akka gadhiisan hin gaafanne.\n\nHojjettoonni ulfaa Daandii Xiyyaaraa Biriteen, Daandii Xiyyaaraa Qaataar fi Qaantas keessatti hojjetan ulfaa'anis hojiin ni kennamaaf.
Paayileetotni ayyaana waggaa akkamiin kabaju? Kaapiteen Daagim Girmaa Daandii Qilleensa Itoophiyaa keessatti waggoota kudhanii oliif xiyyaara balaliisaniiru. Ayyaana waggaa haaraa Itoophiyaa bara 2015 sababeeffachuun Kaapiteen Daagim keessummaa godhanne. Jireenyaa fi oolmaa paayiletotaa yeroo ayyaana waggaa maal fakkaata jennee gaafanne. Yeroo gaaffiif deebii kana taasifnu kaappiteen Daagim Kolombiyaa irraa gara Beeljiyeem imalaa turan. Balalii sa’a 15 erga taasisanii akkuma Beeljiyeem qubataniin waa’ee ayyaana waggaa fi hojii isaanii kana waliin dubanne. Dadhabbii fi hirribni akkuma jirutti tahee jechuudha. ‘’Namoonni geejiba xiyyaaraa keessa waliin hojjennu bifa adda taheen ayyaana dabarsina. Mana keenya jiraachuu dhiisuu dandeenya. Qileensa irra tahuu dandeenya ykn ammoo biyya biraa taanee kabajna,’’ jedhan kaapiteen Daagim. Kaapiteen Daagim yeroo ayyaanaatti bakka adda addaa taanee waan dabarsinuuf Daandiin Qilleensa Itoophiyaa haalatti ayyaana kabajnu nuuf mijeessa jedhan. ‘’Nuyis akka maatiitti waan waliin hojjennuuf ofuma keenya waliin taanee kabajuufis yaalla. qilleensa irraa taanees tahuu danda’a.’’ Itoophiyaatti yeroo ayyaanaa handaaqoo, hoolaa fi qircaa qaluun waan beekamudha mitiiree. Paayileetotni guyyaa ayyaanaa balalii irra jiran kana argachuuf carraan isaa xiqqaa taha jechuudha. Garuu waanuma jiru walitti fiduun akka kabajan himan Kaapiteen Daagim. Haa tahu malee paayiletotni gara ardiilee adda addaatti waan imalaniif sa’aatiin isaa kan Itoophiyaa irraa adda tahuu danda’a. Tarii gara Ameerikaa kan imalan yoo tahe erga ayyaanni Itoophiyaatii darbuu gaheeti achii bari’a jechuudha. Sababa garaagarummaa sa’aatiidhaan kaapiteen Daagim jala ayyaanni darbee beekaa jedhee gaafannaan waan akkasii mudachuu akka danda’u dubbatan.
Garuu bakkuma jiran tahanii ayyaana kabajuun dabarsu. ''Yeroo hundumaa akka sa'a ykn guyyaa Itoophiyaatti kabajuun ni ulfaata. Garuu walitti bunneema sa'a boqonnaa keenyaa irra kabajna.'' Erga hojii kana jalqabee Kaappiteen Daagim yeroo hedduu maatii waliin tahee ayyaana akka hin dabarsine hime. Kunis imalli addaan cituu waan hin dandeenyeef hojiidhaan dabarsu jechuudha. Addunyaa kana irra imaltanii biyya kam irra caalaa jaalatan jennee gaafannaan akkas jedhan. Kaappiteen Daagim hojiin isaanii namoota adda addaa qaban addunyaarra jiran waliin hojjechuuf hojiin isaanii akka carraa guddaa kenneef himan. ''Carraa akkasii yoo qabaatteyyuu biyyi an hunda caalaa jaaladhu biyyakooti.'' Kaappiteen Daagim ijoollummaa irraa jalqabuun paayileetii tahuuf fedhii akka qaban himan. Garuu kallatumaan carraa kana hin arganne ture. Barnoota isaanii elektiriikaal injineriingii erga baratanii leenjii barbaachisu fudhachuun gara hojii kanaatti akka galan himu. ‘’Karaatti paayiletii tahan barbaadaan ture. Akkamiin akka paayiletii tahan hin beekun ture. Booda carraa isaa argadhee leenjii balalii baradheen paayiletii tahuu danda’e.’’ Dhumatti lafa irraa hamma kana ol fagaatanii imaluun nama sodaachisuu danda’a. Xiyyaarri ol ka’insa faana [feet]37000 irratti balali’a. Dogogora xiqqaan balaa irraa ooluun hin danda’amneef nama saaxiluu danda’a jechuudha. ‘’Ogummaa kana hojii kaan irraa adda kan godhu tokko dogogoraaf iddoo kennuu dhiisuu isaati. Dammaqinaan hojjechuu barbaada. Balaan tasa yoo mudate akka isa kaanii yeroo siif hin kennu waan taheef ogummaa kaan irraa xiqqoo adda tahuu danda’a’’ kaapiteen Daagim. Kaapiteen Daagim gammachuun isaanii inni guddaan imaltoota isaanii nagaatiin bakka imalan geesisuu akka tahe himu.
Kaapiteen Daagim gammachuun isaanii inni guddaan imaltoota isaanii nagaatiin bakka imalan geesisuu akka tahe himu. ''Maatiin ijoollee isaanii qabatanii nyaachisaa, xiyyaara keessa rafaa yoo imalan gammachuu qofa osoo hin taane itti gaafatamummaa guddaa nutti dhagahama.'' Hojiin isaanii itti gaafatamummaa lubbuu hedduu fudhachuu waan taheef yaaddoo xiqqaan jiraatus akka dammaqinaan hojjettu si taasisa jedhan. Balalii yeroo dheeraan booda dadhabbiin akka jiru kan himan Kaappiteen Daagim gargaaraan balalisisaa waan jiruuf haalati boqatan akka jirus himu.
Namtichi boombii xiyyaara barbadeesse tolchuun himatame mana murtiitti dhiyaate Lammiin Liibiyaa boombii xiyyaara waggaa 34 dura Lookarbiitti barbaadesse tolchuun himatame Ameerikaatti hidhamee akka jiru qondaaltonni Iskootilaand himan. Lakkoofsi gabate xiyyaara kanaa Pan Am flight 103 jedhama. Ameerikaan waggaa lama dura himata Abu Agilaa Masuud irratti banuu kan beeksifte. Masuud Mudde 21, bara 1988 xiyyaaraa bombiin haleeluu keessatti qooda ijoo gumaachuun himatame. Dho’iinsa bombii xiyyaara Booying 747 irra qaqqabe sun lubbuu namoota 270 galaafate. Gochi shororkeessummaa dachee Biriitish irratti qaqqabe kun yeroo sanatti balaa hammaataa lubbuu namoota danuu galaafate ta’uu isaatu yaadatama. Balaliistota xiyyaarichaa dabalatee, imaltonni 259 hundi isaanii balaa xiyyaara Landanirraa gara Niwuyoorkitti imalarra turerra qaqqabeen du’an. Namoonni 11 ammoo cabaa xiyyaarichaatu mana isaaniirratti kufee, lubbuu isaanii galaafate ture. Ji’a darbe Abu Agilaa Masuud hidhattoota Liibiyaa keessa socho’aniin qabamuu isaatu gabaafame ture. Hidhattootaan butamuu isaa hordofee dhaddacha mana murtiitti akka dhiyaatuuf Ameerikaaf dabarfamee kennamuu mala tilmaamni jedhu dhiyaataa ture. Dubbi-himaan Dippaartimentii Haqaa Ameerikaa Rooyitarsitti akka himanitti, shakkamaan kun jalqaba Mana Murtii Federaalaa Waashiingteen D.C keessatti argamutti dhiyaata jedhame. Abu Agilaa Masuud bombii tolchuu isaatiif waggaa shan dura Liibiyaa keessatti hidhamee ture. Bara 2001 ammoo Abdulbaasix al-Megraahi namtichi jedhamu boombii xiyyaara Pan Am 103 barbadeesse tolchuu isaatiif dhaddacha mana murtii Iskootilaanditti dhiyaachuun balleessaa raawwachuun itti murame. Haaleellaa qaqqabe sanaaf Megraahi qofatti balleessaan muramee ture.
Haaleellaa qaqqabe sanaaf Megraahi qofatti balleessaan muramee ture. Megrahiitti hidhaan umrii guutuu erga muramee ture, garuu bara 2009 dhibee kaansariitiin qabamnaan mootummaan Iskootilaand hidhaarraa gadhiise. Abdulbaasix al-Megraahi bara 2012 Liibyaatti du’e. Abu Agilaa Masuud wayita mana hidhaa Liibiyaa jiru xiyyaaricha barbadeessuu keessatti Megraahi waliin hirmaachuu amaneera. Abukaatoon Megraahi kan ta’an Aamer Anuwaar akka himutti, Masuud nama waraana bobbaasu fi ‘‘sarbamiinsa mirga namoomaa qaqqabsiisuun heddu balaaleffatama‘‘ jedhe. Megraahiin yakkan raawwadhe hin qabu jedhanii waakkatu. Xiyyaarri Pan Am flight 103 magaalaa Kibba Iskootilaanditti argamtu Lookerbii jedhamtutti Mudde 21 bara 1988 barbadoofte. Seenaan haleellaa boombii kun walxaxaa turedha. Pirezidantiin duranii Afrikaa Kibbaa Niilsan Mandeellaan garuu namoonni halellaa boombii sana qaqqabsiisuun shakkaman mana murtii Iskootilaand Nezerlaanditti ta’aamutti akka dhiyaatan taasisuu keessatti qooda qabu. Shakkamtoota lamaan keessaa tokkoon isaa xiyyaaricha boombiin haleeluun balleessaa raawwachuun itti muramee ture. Bulchiinsi Koloneel Mohaammad Gaadaafi bara 2011 diigamuu hordofee shakkamtoonni haleellaa boombii sana keessaa qooda qaban biroo dabalataan dhaddacha mana murtiitti ni dhiyaatu jedhamee abdatamee ture. Bara 2020 Abbaan alangaa waliigalaa Ameerikaa duraanii Wiiliyaam Baar himata Abu Agilaa Masuud banuu himanii turan.
Xiyyaara Tanzaaniyaatti caccabe keessaa dargaggeessi paayileetii oolchuuf yaale maal jedha? Dilbata darbe xiyyaarri Taanzaaniyaa hara Viktooriyaa qarqaratti caccabuun namoonni19 du'an yeroo kufu namoota achii qurxummii kiyyeessaa turan keessaa tokko Majaliwa Jaaksan dha. Yeroo xayyaarri bishaanitti dhidhimu achi turee akka argee fi paayileetii xiyyaarichaa baraaruf dhamaatii godhe ibsa. Jaaksan akka jedhutti xayyaarrichi osoo bishaanitti hin dhidhimin dura kallattii hin taanen akkuma dhufeen nahee akka ture hima. Namoota wajjin qurxummii qabaa turan sadi wajjin bakka xiyyaarri itti kufe hatattamaan qaqqabee muka ittiin bidiruu oofaniin balbala xiyyaaraa cabsuun namoonni gara teessuma fuulduraa jiran akka baraaraman godhe. Itti aansun gara fuulduree xiyyaaratti deemuun bishaan keessa lixuun kallattii payileetin jirutti akka imale dubbata. Mataan xiyyaarichaa bishaan keessa waan gadi dhidhimeef kara foddaa xiyyaaran paayileetii arge. Paayileetichis gargaaraa isaa wajjin haasa'anii karaa foddaa deeggarsa akka barbaadan mallattoodhan itti agarsiise. "Foddaa akka cabsuuf mallattoo natti agarsiise. Bishaan keessaa ol baheen hojjattoota nageenyaa buufata xayyaarichaa dhufan meeshaa ittiin foddaa cabsan yoo harkaa qabaatan gaafadhe." "Isaan qottoo erga natti kennanii booda, namni tokko sagalee guddistuudhan akkan bishaan keessa lixee foddaa cabsee paayileeota hin baasnef na dhorke. Paayileetota wajjin wal qunnamaa akka jiraanii fi bishaan akka itti hin seenne natti himan," jedha. Booda bishaan keessa lixee paayileetotatti mallattoodhan nagaa itti dhaamee ol deebi'uu hima. Paayileetichi garuu yeroo inni mallattoodhan nagaa itti dhaamu, foddaa cabsee akka baasuuf mallattoodhan kadhataa akka ture hima. "Karaa payileetonni yeroo balaa tasaa ittiin bahanitti quba qabee cabsee akkan baasuuf natti agarsiise.
"Karaa payileetonni yeroo balaa tasaa ittiin bahanitti quba qabee cabsee akkan baasuuf natti agarsiise. Bishaan keessaa ol baheen wadaroo wayii fuudhee balbalaa fi bidiruu walitti hidhuun bidiruudhan harkisuu yaalle. Garuu wadaroon citee fuula koo keessa na rukute, sana booda of wallaalen hospitaalattan of bare," jedha Jaakson. \n\nNamoota balaa kanaan du'an 19 keessaa paayileetonni lamaan jiru. Akka aangawoonni daandii qilleensaa Precision Air jedhanitti namoota xiyyaricha keessa turan 43 keessaa kan lubbuun hafe 24 qofaadha. Sirni awwalcha namoota 19 du'anii istaadiyeemii biyyattii Bakubo jedhamutti gaggeeffamaa jira. Ministeerri Muummee Tanzaaniyaa Qaasim Majaaliwaa sirna sirna gaggeessaa awwaalcha kana irratti argamaniiru. Sababa kufaatii xiyyaara kanaa qorannoon akka gaggeeffamaa akka jiru himanii turan, MM Qaasim himanii turan. Xiyyaarichi kufe kun gaafa Dilbataa buufata Xayyaaraa Daare Salaam irraa sa'aatii 2:50 irratti ka'uun osoo buufata xayyaaraa Bukooboo osoo bu'uuf jedhuu kufee caccabe jedhame. Amma buufatichi xiyyaaraa yerodhaaf cufamee jira jedhame.
Ugguramanii kan turan xiyyaaronni Boeing 737 Max qilleensa Itoophiyaarra akka balali'an eeyyamameef Balaa xiyyaaraa waggaa sadi dura mudate booda balaliinsarraa ugguramanii kan turan xiyyaaronni Boeing 737 Max, daangaa qilleensaa Itoophiyaa keessa balali'uu akka danda'an eeyyamamuufii Abbaan Taayitaa Siivil Aviyeeshinii Itoophiyaa ibse. Akka ibsa abbaa taayitichaatti xiyyaaronni kunneen guyyaa kaleessaa, Ebla 11, 2022 irraa eegaluun daangaa qilleensaa Itoophiyaa keessa balali'uu danda'u. Xiyyaarri Boeing 737 Max lakkoofsi balaliinsaa isaa ET-302 ta'e kufee caccabuun lubbuu imaltoota 157 fi hojjettoota xiyyaarichaa galaafachuu hordofeeti xiyyaarri kun qilleensarraa ugguramee kan ture. Balaa xiyyaaraa ALI Bitootessa 1, 2011 mudate kana booda, hanga qaama xiyyaara Boeing 737 Max irratti fooyya'iinsi taasifamutti gosti xiyyaara kanaa daangaasaa keessa akka hin balaliine abbaan taayitichaa ugguree ture. Akka abbaan taayitaa kun jedhutti, Bulchiinsi Aviyeeshinii Federaalaa Ameerikaa madda rakkoo adda baasuun, qajeeltoowwan balaa akkanaa hambisu jedhu waan diriirseef, qajeeltoowwan kunneen sirnaan hojiirra oolchuun xiyyaarota kunneen gara hojiitti deebisuun ni danda'ama yaada jedhuun eeyyameef. Fooyya'iinsa dizaayinii xiyyaarichaa irratti taasifamee fi qajeeltoowwan balaliinsaa fi leenjiiwwan kennamuu qaban sirriitti erga mirkaneessee booda tarkaanfii kana murteessuus ibse. Daandiin Qilleensaa Itoophiyaa qajeeltoowwan ba'an hojiitti hiikuusaa erga hubatee booda murtee kanarra ga'uus himeera abbaan taayitaa kun. Boeing bara kana ji'a Sadaasaa keessa maatiiwwan namoota balaa xiyyaaraan miidhaman waliin waliiglateerra ga'uu ibsee ture.
Boeing bara kana ji'a Sadaasaa keessa maatiiwwan namoota balaa xiyyaaraan miidhaman waliin waliiglateerra ga'uu ibsee ture. Akkaataa waliigaltee kanaan kubbaaniyyaan oomisha xiyyaaraa Ameerikaa kun lubbuu namootaa gaaga'ameef guutummaatti itti gaafatamummaa kan fudhate yoo ta'u, namoonni maatiin jalaa miidhaman dhimmicha mana murtiin ga'uun adabsiisuu akka dhiisan deebii kenneen ibseera. Lammiileen miidhaman Ameerikaan ala yoo ta'anis, fakkeenyaaf Itoophiyaa fi Keeniyaa irraa yoo ta'anis, dhimmisaanii manuma murtii Ameerikaatti ilaalamuun beenyaan akka kaffalamuufis waliigalameera. Xiyaarri kun Indoneeshiyaattis kufee caccabuun lubbuu imaltoota 189 fi hojjettoota xiyyaarichaa galaafatee ture. Balaawwan kunneen hordofee gara jalqabaa Boeing rakkoon dandeettii paayileetotaati jechuun ofirraa qabaa turus, bara kana garuu ittigaafatamummaa fudhachuunsaa tarkaanfii guddaadha jedhameera. Xiyyaarri Boeing 737 Max kan addunyaarratti gurguramuun sadarkaa olaanaa qabuu fi gabaa to'atee ture ji'oota shan gidduutti balaa hamaa lama geessisuun addunyaa mara rifaasise.
Xiyyaarri elektirikii 'addunyaa irratti isa saffisaadha' jedhame yaalii taasise Dhaabbati Rolls-Royce, xiyyarri isaa Spirit of Innovation jedhamu, addunyaa irratti xiyyaara elektirikiin hojjatu isa saffisaa akka ta’e hime. Dhaabbatichi – kan waajjirri muummee geejjiba xiyyaaraa isaa UK, Derbii keessatti argamu – akka jedhuttti, xiyyaarichi balalii yaalii taasiseen saffisa olaanaa sa’aatii tokkotti km 623 balali’eera. Fageenya adda addaa sadiin rikoordii addunyaa cabseera jedhamee yaadama. Lakkoofsi kun akka mirkaneeffamuuf gara Federeeshinii Ispoortii Qilleensaa Addunyaatti ergameera. Balaliin yaaliii kun Sadaasa 16 irratti, wiirtuu yaali balalii Boskomb Daawon, Amesburii, Wiiltishaayer jiru keessatti gaggeeffame. Xiyyaaricha saffisa kanaan kan balalisee hogganaa sagantaa balalii fi paayileetii Fiil Odeel jedhamudha. “Kun seenaa hojiikoo keessatti yeroo isa guddaadha, akkasumas kun gartuu keenya guutuuf milkaa’inadha,” jedha. Dhabbati Rolls- Royce akka jedhutti xiyyaarri kun, rikoordii bara 2017’tti Xiyyaara elektirikii Simens Extra 330 LE Aerobatic jedhamuun qabamee ture saffisa sa’atii tokkotti km 132 fooyyessuun danda'ameera. Xiyyaarri kun saffisa 555.9 km/h qabatee gara km 3’f akkasumas saffisa 532.1 km/h qabatee ammo kiloomeetira 15'f balali’uu danda’eera. Akkasumas gara olkaa’insa meetira 3,000 sakandii 60 keessatti ol balali’uunis rikoordii cabseera jedhamee yaadama. Xiyyaarri kun annisaa elektirikii kiloowaatii 400 fayyadama. Dabalataanis xiyyaarri kun baatirii guddaa xiyyaraaf tolchame kan annisaa bilbiloota 7,500 chaarjii gochuu danda’u akka qabu, Rolls- Royce himeera.
Dabalataanis xiyyaarri kun baatirii guddaa xiyyaraaf tolchame kan annisaa bilbiloota 7,500 chaarjii gochuu danda’u akka qabu, Rolls- Royce himeera. Hogganaan olaanaa Rolls-Royce, Waaren Iisti, “fedhii addunyaan COP26 irratti tarkaanfii fudhachuuf qabdu hordofuun, kun ‘xiyyaara gaasii hin maddisiisne (jet zero) omishuu dhugoomsuu irratti tarkaanfii guddaadha,” jedhan “Kun geejjiba qilleensaa, lafaa fi galaanaa kaarboonii irraa bilisa ta’e uumuuf fedhi hawaasni qabuuf teeknolojii dhugoomsuu danda’u uumuun galma keenyadha.” Dhabbati Fédération Aéronautique Internationale (FAI) dhiyootti Rikoordiin Addunyaa kun galmeeffamuu isaa kana ni mirkaneessu abdii jedhu Rolls-Royce qaba.
Balaa xiyaaraa Iraan: Maatii miidhamtootaaf doolaara kuma 150 kanfaluuf Iraan tokkon tokoon maatii namoota 176 balaa xiyyaara imaltootaa Yukireen Amajjii bara darbee keessa rukkuttee kuffifteef doolaara 150,000 kanfaluuf. Yukireen beenyaa kanarratti mariin akka taa'amuufi qaamoolee haleellaa xiyyaarrichaa keessa harka qaban ammoo seeratti akka dhiyaataniif gaaffatte. Xiyyaarri Daandii Qilleensaa Yukireen Booyingi 737 battaluma Teehraanii ka'eetti misaa'elii lamaan dhahame. Iraan xiyyaaricha haleelluushee jalqabarratti erga haalteen booda ammoo ''dogongoraan'' rukkutamu amante. Haleellaa kanas ''dogongora balaafamaa'' Gareewwan Eegdoota Warraaqsaatiin(revolutionary guards)raawwatamees jette turte Tehraan. Namoonni balaa sanaan du'anis lammiilee Iraan 82, Kaanaadaa 63, garee balaliinsaa dabalatee Yukreen 11 fi Afgaanota afur fi lammiilee Jarmanii sadii turan. Yeroo sanattis humni ittisa qilleensa of eeggannoo olaanaa irra ture. Sa'aatiiwwan duras, haaloo ajjeechaa Janaraal Olaanaa Iraan Qaaseem Soleemanii USn Baagdaadi keessatti raawwatameetiif deebii kennuuf, biyyattiin misaa'eel baalistikii bu'uurawwan waraanaa US lama irratti dhukaafte turte. Ibsa motummaan Iraan baaseen, beenyaa kanas ''hanga danda'ameetti dafnee'' kanfalla jedheera. Akkasumas Tehraan balaa qaqqaberratti gabaasa dhumaa biyyoota qorannicha gaggeessaa turan; Yukireen, US, Firaansi, Kaanaadaa, UK fi Jarmaniif erguu guyyaa Roobii himtee jirti. Haata'u malee ministeerri Haajaa Alaa Yukireen ammi beenyaan kunis haala adeemsa idil-addunyaatiin mariin waliigalteerra gahuu qabaata jedheera. Akkasumas qaamoolee haleellaa sana duba turan seeratti akka dhiyaataniif gaafateera.
''Gama Yukreeniin haala itti xiyyaarichi haleelamerratti gabaasa wixinee teknikaa Iraan irraa barbaadna'' jedheera Dubbi himaan ministeerichaa Oleeh Nikoenko. "Erga kan waa'ee carraa namoota qulqulluu dubbanna ta'e haalli kun gonkumaa fudhatama hinqabu,'' jechuun, qaamooleen itti gaafatamoo ta'an akka seeratti dhiyaatan mirkanneessuuf Yukreen yaalii itti fuftiis jedhan. Jalqaba baatii kanaatti gabaasni walabaa Kaanaadaa haala Iraan balaa itti qorattee irratti gaaffii kaasee ture. Gabaasni kaawunsilii addaa motummaa Kaanaadaatiin balaa kanarratti barreffamees, odeeffannoowwan baayyee barbaachisan hedduun, fakkeenyaaf maqaan namoota haleellaa qaqabsiisuuf itti gaafatamoo ta'an ifa hintaane, akkasumas gaaffiiwwan maaliif qilleensi Iraanootaa alkan Amajjii 8 hincufamiin jedhan fa'i hindeebiine jedheera. ''Qaamaa haalellichaaf ittigaafatamaa ta'eetu ofiisaa qorataa jira, irra jiraa haala icciitiin. Sunis amantaa hinuumuu'' jedheera gabaasichi. Haamed Esmee'eliyoo, dubbi himaan Waaldaa Maatiiwwan Balaliinsa PS752, maatiin qaamni itti gaafatamaa ta'e akka mana murtii walabaatti seeratti dhiyaatu fi qorannoon guutummaan itti gaafatamaa ta'e balaa sanarratti akka gaggeefamu barbaadu jedheera. Akkasumas Iraan warrabbii sagalee 'saanduqa Gurraacha'' xiyyaarichaa baatii jahaaf gadhisuu didee turte. Booda ammoo Adooleessa keessa Faransaayiitti qorannoof ergite. Amajjii 8 akka naannichaatti sa'aatii 06:12 (02:42 GMT) irratti, Xiyyaarri Daandii Qilleensaa Yukireen (UIA)balaliinsi PS752 Buufata Idil-Addunyaa Khomeinii kan Teheeraan keessaa irraa ka'e. Xiyyaarichis Booyingi 737-800 moodeeliiwwan xiyyaaroota indastirii daandii qilleensaa addunyaa beekamaa keessaa tokko ture.
Xiyyaarichis Booyingi 737-800 moodeeliiwwan xiyyaaroota indastirii daandii qilleensaa addunyaa beekamaa keessaa tokko ture. Osuma naannoo qilleensaa gadhiisee hinbahiin dura, gara irraa ka'eetti deebii'uuf ture. Haa ta'u malee battalumatti kufee cacabe. Jalqabarrattis motummaan Iraan xiyyaarichi akkuma ka'een rakkinni teeknikaa mudatee ture jedhee ture. Akkasumas imlatoota garee balaliinsa xiyyaa biraa dabalatee ragaa baatota osoo hinkufiin dura ibidi itti qabatee ture jedhan caqaasaa turan. Aangaa'oonni ammoo xiyyaarichi akkuma lafaa ol ka'een wayita ol fageenya miila 8,000 (meetire 2,400) irra gaheen walqunnamtii dhabu himan. Haa ta'u malee booda keessa ammoo gabaasni Dhaabbata Sivil Aviyeeshinii Iraan garee ittisa qilleensaatiin rukutamuufi kunis dogongora meeshaa irraa kan ka'e ta'u hime. Sababii kanaatinis, xiyyaara imaltootaa akka kan waraanaatti hubachuun haleelame jedhe. Kana malees gabaasichi baatiriin misaa'ilichaa jiddugala hajajaa isaa waliin wal quunnamu hindandeenyee waan ta'eef osoo seeraan hinmirkanaa'iniif xiyyarichatti dhokaasee jedhe ture.
Naayijeeriyaatti xiyyaarri Daandii Qilleensaa Itoophiyaa daandiirraa maqee akka ture himame Xiyyaarri qabeenya Daandii Qilleensaa Itoophiyaa lakkoofsa balallii ET3905, Naayijeeriyaa magaalaa Leegos erga qubate booda, iddoo dhaabbatutti ennaa imalu daandiirraa maqee akka ture himame. Daandiin Qilleensaa Itoophiyaa akka mirkaneessetti xiyyaarri imaltootaa Boeing 777-300 gara fe'uumsaatti geeddarame kun, taatee mudate kana booda hojiitti deebiyeera. Xiyyaarri kun Magaalaa Finfinneerraa fe'umsa qabatee gara Naayijeeriyaa erga balali'ee booda, buufata xiyyaaraa Leegos qubate. Gara iddoo dhaabbatu wayita lafarra deemaa turetti gommaan gama bitaa xiyyaarichaa jiru aspaaltiirraa bahee akka ture Dhaabbatichi himeera. Viidiyoon miidiyaa hawaasummaa gubbaatti qoodame akka agarsiisutti, gommaan bitaa xiyyaarichaa dhoqqee keessa galee jiru agarsiisa. Daandiin Qilleensaa Itoophiyaa taatee kana hordofee ibsa baaseen, xiyyaarichi balaan tokkoyyuu osoo hin mudatin, deebi'ee balali'ee Finfinnee galeera jedhe. Daandiin Xiyyaarichaa hojjettoonni Buufata Xiyyaraa Legoos deeggarsa godhaniif galateeffachuu himeera. Xiyyaarichi daandii dhiisee sababni itti maqeef ibsa Daandiin Xiyyaaraa kun baaseerratti hin himamne. Marsariitiin Flight global jedhamu wayita taateen kun mudatu, ragaan metirooloojii buufata xiyyaaraa kana keessa ture haalli qilleensaa rakkisaa tahe kamiyyuu jiraachuusaa hin agarsiisu jedha. Addunyaa gubbaa daandiiwwan xiyyaaraa hedduun weerara koronaavaayirasii hordofee wayita kasaaran, Daandiin Qilleensaa Itoophiyaa garuu bu'a-qabeessa tahuun akka itti fufe himamaa ture. Sababa weerara kanaan imalli daanga'uu hordofee lakkoofsi imaltootaas akkasuma daran hir'ateera. Daandiin xiyyaaraa kun kanaaf fala akka tahuuf jecha, xiyyaarota imaltootaa hedduu gara xiyyaara fe'isaatti geeddaruun himeera.
Daandiin xiyyaaraa kun kanaaf fala akka tahuuf jecha, xiyyaarota imaltootaa hedduu gara xiyyaara fe'isaatti geeddaruun himeera.
Dhaabbatichi tajaajila 'taaksii qilleensarraa' eegaluufan jira jedhe Dhaabbanni daandii qilleensaa Virjiin Atilaantiik jedhamu tajaajila taaksii qilleensaarran balaliisisuun magaaloota gurguuddoo irraa gara buufata xiiyyaarraatti deddeebisu eegaluufan jira jedhe. Dhaabbatichi bu'uura walta'insa dhaabbata Vartikaal Aroospees kan Biristoolitti argamu waliin qabuutiin tajaajila taaksii qilleensarra balaliisisuun kana eegaluuf jedha. Tajaajilloon taaksii balaliituu kunneenis kan buufataalee xiyyaaraa gurguddoo irraa gara magaalootaatti taasifaman jedhameera. Dhaabbanni Veritkaal Aroospeesii kunis yaalii tajaajila taaksii qilleensarraa kana bara kana eegaluuf. Kampaanonni hedduun ''taaksiiwwan qilleensarra balali'an'' imaltoota samii magaalootaa irraan bakka isaan deemuu barbaadan geessuu dandeessisan jajjabeessaa jiru. Kan dhaabbanni Varjiin Atilaantiik kun xiqqoo adda. Dhaabbatichi taaksiiwwan balali'an kunneen imaltoota magaaloota akka Kaambriijii fa'i irraa fuudhuun gara buufataalee daandii qilleensaa gurguddoo kan akka Landoon Heetroow fa'itti geessuu jedha. Dhaabbatichi xiyyaaroonni isaa VA-X4 imaltoota afur fi paayilatii baachuun hanga fageenya maayilsii 100 balalii'uu danda'an. Kana malees heelekoptaroota irra faalama qilleensaa irraa bilasa. Dhaabbatichis Daandii Qilleensaa Ameerikaafi Avalon kan kampaanii daandii qileensaa waliin hojjatu waliin wali ta'insa raawwateera. "Gabaa kana keessa kanneen omishasaanii beeksisan hedduutu jiru,'' jechuun ture pirezidaantiin Vartikaal Aroospace Mikaa'eel Sarvinkaa BBCtti kan himan. "Nuti garuu teekinooloojii hammayyaa jirutti fayyadamuuf hojjetaa jirra waan ta'eef humnaan ol nutti hin taatu.'' Xiyyaaroonni akka taaksiitti tajaajilan kunneenis ol fageenya meetira 15tiin bakkeewwan dhaquu qabanitti ykn buufataalee xiyyaaraatti balali'u.
Xiyyaaroonni akka taaksiitti tajaajilan kunneenis ol fageenya meetira 15tiin bakkeewwan dhaquu qabanitti ykn buufataalee xiyyaaraatti balali'u. Akkuma xiyyaaroota biraattis, VA-X4 irratti to'annoo cimaa hordoofiifi nageenyaa ni taasifama. Yunvarsitii Crandfield'tti profesarri gargaaraan Aviyeeshiiniifi naannoo, Dr Guy Gratoon, xiyyaarri hammayyaa'aan elektirikii maal raawwachuu akka danda'u Pipistrel Velis kan Sloveniyaa haala gaariin mulliseera jedhan. Xiyyaarri VA-X4 hiiliikoptar irraa sagalee kan hinqabnee yoo ta'an, ''ammalleen motarriifi baalliinsaa balalii'uuf sagalee inuma qabaataa,'' jedhu Mr Sarvinkaa garuu wayita balalii'utti lafarraa sagalee firiijii caalaa hin baasuu jedha. Kampaniin kalaqawwn 'raajii baatirii haaraa' eeggatamu caalaa tekinoloojii har'aatiin galmawwan isaa gahuu danda'a jedhan. Haata'u malee, qilleensaarra imaltoota bakka tokkoo gara biraatti deddeebisuun teknolojii to'annoo tiraafikii qilleensaa, magaaloota keessatti xiyyaaroonni hawaasaan fudhatamuufi jijjirama to'annoo barootaaf ture ni barbaada jedhan.
Lammiin Itoophiyaa waggoota 45f xiyyaara balaliisan maal himu? Kaappiteen Taasfaay Daandii Qilleensaa Itoophiyaatti kutaa balaliinsaatti hoogganaa tahuun waggaa shan tajaajilaniiru. Abbaan nama kanaa bara Mooticha Haayilasillaasee keessa, Ministeera Maallaqaatti, shuumii galii biyya keessaa (taayitaa akka barasanaatti - Bajiroond) waan turaniif, barnootasaanii iddoo garagaraatti hordofan. Magaalaa Maayicaw keessatti kan dhalatan Kaappiten Tasfaay, barnootasaanii sadarkaa jalqabaa Tambeeniifi Maqaleetti barataniiru. Barnoota sadarkaa lammeessoo ammoo, mana barumsaa Atsee Yohaanisitti baratan. Qormaata biyyoleessaa sadarkaa lammaffaan qabxii gaarii waan fidaniif, ALI 1966tti gara Finfinnee qajeelan. Waytiin sun Mootii Haayilasillaasee barcuma isaaniirraa bu'anii, mootummaa waraanaa yeroof jedhameen kan bakka bu'anii ture. Haalichis tasgabbaa'aa waan hin turref, obboleessa isaanii wajjin mana keessa oolaa akka turan yaadatu. Gaaf tokko gurbaan ollaa tokko beeksisa 'paayiletii tahuuf warri leenjii fudhachuu barbaaddan galmaa'aa' jedhu arguu itti hime. Wayita sanatti barataa kan turan Tasfaay garuu, baayyee gammadoo hinturre. Tahus, taa'ee ooluurra, maaliif hin yaalu jechuun galmaa'uusaanii yaadatu. Bara sanattis dargaggoota leenjii fudhachuuf galmaa'an 800 keessaa, qormaata fudhachuun dargaggoonni saddeet dabran. Isaan keessaas Tasfaay isa tokko turan. Hojiisaanii Daandii Qilleensaa Itoophiyaas haala kanaan eegalan. Kaappiteen Tasfaay wayita hojii jalqaban, xiyyaarota Waraana Addunyaa Lammaffaarraa hafan 'Douglas DC-3 yookaan Daakotaa jedhaman balaliisuu eegaluusaanii yaadatu. Balaliisaan Daandii Qilleensaa Itoophiyaatti qacaramee hojii eegalu, waggaa tokkoof gargaaraa balaliisaa tahuun hojjechuu waan qabuuf, gargaaraa tahuun tajaajilaniiru.
Kaappiteen Tasfaay, wayita ammaatti xiyyaara ammayyawaadha jedhaman Booying 777 kan balaliisan, dhaabbatichatti paayiletii gameessadha. Itoophiyaatti ganna 45f xiyyaara balaliisuun morkataa kan hinqabne, kaappiteen Tasfaay Ambaayee. Xiyyaarri nama fe'ee akkamiin qilleensa keessa balali'a? gaaffii jedhu kaasuun ijoolleen ollaa morkii qabatan. Inni tokko baallee yookaan kochoon deeggaramee balali'a jedha. Kaan ammo mootoraan deeggarameetu balali'a jechuun morma. Achis maaliif jaarsa eegduu tahan kana hin gaafannu jechuun, waan irratti walmormaa jiran jaarsichaaf itti himan. Eenyu sirrii akka tahes, murtoo akka itti kennan gaafatan. Akka tasaa tahee jaarsi kun nama 'waan hundaan beeka' jedhan waan turaniif, hundi keessan dogongortaniittu jechuun deebii biraa kennaniif. Seexanoota lamatu jira. Inni tokko kan lafarraafi inni biraa kan waaqarraa jedhamu. Seexanni lafarra jiru xiyyaarittii fiigsee lafaa kaasuun, seexana isa waaqarra jiruuf 'qabikaa' jechuun dabarsee kenna. Seexannichi inni samirraa xiyyaara fuudhee balali'uun, yeroo qubachuuf geessuu 'qabikaa' jechuun isa kan lafarraaf deebisee kennaaf. Maanguddoon kunis 'deebiinsaa kanadha. Waan hin beekne hin borcinaa,'' jedhaniin. Kaappiteen Tasfaay gaafa kana dhagayan seequu isaanii dubbatu. Waanti guddaan xiyyaarri akka samii keessa rakkoo tokko malee balali'uu isa dandeessisu, motoraafi 'Eroo daayinaamikii' baalleesaarra jirudha jechuun gabaabumatti ibsan Kaappiten Tasfaay. Ammaan dura dambii Daandii Xiyyaara Itoophiyaatiin kaappiteenni tokko ganna 60 oggaa guutu, soorama bahaayyu. Amma garuu gara 65tti olguddachuu dubbatu. Haala kanaanis ALI ji'a Onkololeessaa kana keessa soorama bahu.
Waggoota 45f osoo addaan hin kutin balaliisuu kan dubbatan kaappiteenni kun, sa'aatii 27,000 kan balaliisan yogguu tahu, biyyoota 100 ol tahanis gahaniiru. 'Umurii kootiin olitti, umurii nama biraa jiraachaa akkan jirutti natti dhagayama. Sababnisaas, namni tokko umuriisaa keessatti, waantota murtaa'an qofadha gochuu kan dandayu. Ani garuu, wantoota hedduu waanin argeef, umurii naaf heeyyamame olitti akkan jiraadhettin lakkaa'a,'' jedhu kaappiten Tasfaay. Yeroo tokko tokko guddinna Itoophiyaan waggaa 50n booda bira geessu, biyyoota kaanitti waan arganiif, miirri ''namootni biyya keessa jiran arguusaanii dursee argeera,'' jedhu akka itti dhagahamu dubbatu. Balaliinsa ganna 45 keessatti rakkooleen hedduu mudatus, balaan guddaa hagana jedhamu irra hin qaqqabne. Inumaawuu, warra carra-qabeessa tahan keessaa isa tokko jedhanii akka yaadan BBCtti himan. Gaaf tokko kappiten Tasfaay xiyyaara balaliisuu eegalanii daqiiqaa torbatti, zayita motoraa keessatti ho'a uumameen, zayitni hirdhate. Gargaaraan isaanii kana hubatanis, kaappiteenichatti gabaasa godhan. Achi boodas, ibsaan akeekkachiisaa diimaan ifuusaatiin dura, motoricha dhaamsan. Motora lama keessa tokko dhaamnaan balalii itti fufuun hin dandayamu. Battaluma sanatti xiyyaricha deebisanii qubachiisuun, lubbuu namoota hedduu oolchaniiru. ''Balaliirra yoo motorri bade salphaatti hiikama. Battala xiyyaarri osoo kahaa jiruu yoo motorri dhaame garuu rakkoo guddaadha. Xiyyaarichi ka'uusaatiin dura battala 'ka'uufi turuu' jedhamurratti motorri dhaamnaan, deemsa dhaabuun waan hin danda'amnedha. Xiyyaarichi dirqama ka'uu qaba. Ka'ee garuu itti hin fufu. Saffisaan naanna'ee qubachuudha qaba.
Taateen akkasii garuu yeroo baayyee hin mudatu,'' jechuun ibsu. Yeroo ammaa konkolaataa oofuurra xiyyaara balaliisuun nageenyaan amansiisaadha. ''Xiyyaara keessa nageenyikee irra caalaatti kan eegamedha,'' jedhu kaappiten Tasfaay. Balaliisaan xiyyaaraa naamusa eeggachuu qaba. Araada kamirraayyuu bilisa kan tahe, haalli nyaataasa sirnaan kan tahe, hirriiba gahaa kan rafuufi sochii qaamaa kan taasisu tahuu qaba. Daandiin Qilleensaa Itoophiyaa ammoo ''naamusarratti qoosaa hin beeku,'' jedhu. Dhaabbati kun, inni waan gaarii hojjetu kan itti jajjabeeffamuufi itti guddatu, kan balleesse ammoo mamii tokko malee kan itti adabamu akka tahe dubbisaaniirraa hubanneerra. Daandiin Qilleensaa Itoophiyaa balaawwan hedduu kan hin mudanneefi namoonni baayyeenis nageenyaaf kan isa filatan tahuu ni dubbatama. Kanaafis sababni inni olaanaa, naamusa gaarii hojjettoota dhaabbatichaa akka tahe kaappiteenichi ni dubbatu. Namni gameessi kun akkuma yeroo gaarii dabarsan, yeroo gaddaas dabarsaniiru. Keessattuu namoota butaniin Odola Komoroositti xiyyaara kufe, akkasumas balaa Kuweetitti qaqqabe ni yaadatu. Isaan kanaa ol garuu dhiyeenya kana Bishooftutti xiyyaara kufee caccabe yaadatu. Keessattuu balaliistonni haalli ittiin to'atan jiraachuu dhabuun gaddi guddaa itti dhagahamuu dubbatu. Kaappiteeniin xiyyaaricha balaliisaa ture isaan wajjin gargaaraa ta'ee hojjechaa akka ture kaasuun ''dargaggoo cimaafi abdii guddaa nama qabu ture,'' jechuun ibsu. Kaappiteen Tasfaay xiyyarasaanii Buufata Idil-addunyaa Booleerraa kaasanii, gara Mumbaay (dura Boombeey kan jedhamu) Indiyaa qajeelaa turan. Imaltoonni hedduun lammilee Afrikaa Dhihaati. Lammiin Naayijeeriyaa tokkoofi Indiyaa tokko wal loolanii xiyyara keessa hokkorri kahe.
Lammiin Naayijeeriyaa tokkoofi Indiyaa tokko wal loolanii xiyyara keessa hokkorri kahe. Kaappiteenichis tasgabbeessuu eegalan. Jaarsummaa galanii araarsan - tasgabbeessaniis. Naayijeerichis ''Qooy Boombee haa geenyuuti walagarra'' jechuun itti dhaadachuun gara teessumasaatti deebi'uun, imala itti fufuu yaadatu. Alkoolii unatanii xiyyaara yaabbachuun dhorkaadha. Tahus machaa'ee namni ragaduufaa kajeelu hin dhabamu. Imala gidduutti lafumaa ol ka'ee ''na buusaa'' kan jedhus inuma jira. Akka kaappiteenni kun jedhanitti, rakkoon bicuun waan nu mudateef, isa sirreessinee imala keenua itti fufna wayita jedhamu ''durumayyuu naan taane, nan bu'a!'' jechuun kan rakkisus nu mudatee beeka jedhu.
Koroonaavaayiras: Daandiiin xiyyaaraa Emireetis imaltoota Covid-19’n miidhamaniif baasii wal’aansaa fi awwaalchaa kaffaluufi Daandiiin xiyyaaraa Emireetis inshuraansii Covid-19 bilisaa imaltootaaf dhiyeessuun daandii xayyaaraa jalqabaa tahe. Daandiin xiyyaarichaa kan murteesse imaltoonni akka xiyyaaraan imaluutti deebi’an jajjabeessuuf akka tahes himame. Imaltoonni balaliirratti vaayirasiin yoo qabaman, daandiin xiyyaarichaa baasii wal’aansaa, akkasumas yoo du’animmoo kan sirna awwaalchaa kaffala. Kana malee, namoota addatti bahanii tursiifamaniif baasii barbaachisaan guyyaan kaffala. Daandiin xiyyaarichaa beeksisa haaraa kan baase yeroo balaliin xiyyaarotaa weerara koroonaavaayirasiin to’achuutti akka jabduu miidhamee jirutti. Jalqaba ji’a kanaatti daandiin xiyyaarichaa hojjattoota waliigalatti 60,000 qabu keessaa carraa hojii 9,000 cufuuf murteessuu beeksisee ture. Walitti qabaan gartuu Emireet Sheek Ahmad Biin Seeyid Al Maktuum, namoonni imalasaanii yeroo biraatti daddabarsaa turuu kaasuun, imalarratti waan isaan mudatuuf wabii argannaan gara balaliitti suutaan ni deebi’u jedhanii akka abdatan himan. Inshuraansiin kun imaltoonni xiyyaaraan imalan otoo hin galmaa’iin illee akka kennamuu fi yeroo xiyyaarichaan imalaniirraa kaaase guyyoota 31f inshuraansiin kun fudhatama qabaata. Daandiin xiyyaaraa kun inshuraansii wal’aansaa amma $176,500 baasuun nama xiyyaarichaan imalee dhukkubsate wal’aansisuuf eeyyameera. Kana malees, nama torban lamaaf addatti fo’ame tursiifameef guyyatti amma yuuroo 100 kaffala. Sirna awwaalchaaf immoo yuuroo 1,500 akka kaffalu daandiin xiyyaarichaa beeksise.
Sirna awwaalchaaf immoo yuuroo 1,500 akka kaffalu daandiin xiyyaarichaa beeksise. Barana sababii weerara dhibeetiin biyyoonni daangaa cufachuu fi namoonnis vaayirasichaan qabamna jedhanii sodaachuun bakkaa bakkatti imaluurraa of qusachuusaaniitiin daandiin xiyyaarotaa miidhamaniiru. Sirnoonni akka dorgommii Olompikii, agarsiifni muuziqaa fi yaa’iin gurguddoon haqamuun fedhii namoonni imalaaf qabanirratti dhiibbaa uumeera. Xumura ji'a darbeerratti Waldaan geejjiba qilleensaa idil-addunyaa (IATA) yeroo galiin daandii xiyyaarota bara kamiyyuu caalaa harkaa one jedhe ibse. Bara kana keessa weerarri koronaavaayirasii daandii xiyyaarotaa doolaara Ameerikaa biiliyoona 84 dhabsiise. Galii bara darbee wajjiin wayita madaalamu harka walakkaan galiin isaanii gadi hir’ate.
Booying 'kana booda dhaabbata amanamu miti' Akka Zifooraa Kuriyaa kan balaa xiyyaara 737 Max abbaan ishee du'e jettutti, Booying kana booda dhaabbata amanamu miti. Aadde Kuuriyaa qaama hordoffii nageenya Daandii Qilleensaa Awurooppa waliin Roobii wal agartetti: "Booyiing cinatti tasumaan jecha amantaa jedhu hin fayyadamu," jette. Erga xiyyaarri 737 Max hojii dhaabee booda Booying maqaa isaa eeggachuun falmaa jira. Dubbi himaan dhaabbatichaa "nageenyi imaltootaa fi hojjatoota xiyyaara keenyaa xiyyeefannoo keenya isa jalqabaati," jedheera. "Dhugumaan dhiifama jenna, maatiifi hiriyyoota namoota balaa xiyyaaraa Lion Air balalii 610 fi Daandii xiyyaaraa Itoophiyaa balalii 302 irratti lubbuun isaanii darbeef gadda keenya ibsina," jedha. Aadde Kuuriyaan namoota balaa kanaan maatii isaanii dhaban biroo waliin ta'un Eejensii Nageenyaa Daandii Xiyyaaraa Awurooppa (EASA) waliin kan dubbatan xiyyaarri Booying 737 Max qorannoon cimaa osoo hin gaggeefamiin hojiitti akka hin deebine mirkaneeffachuufi. Abbaan dubartii lammii Biriteen kanaa, Jooseef Wayitikaa, namoota 156 balali daandii xiyyaa Itoophiyaarra turan biroo waliin Bitootessa keessa lubbuun isaanii darbeera. "Kanaan dura yoo amanamoo ta'niis - kana booda garuu amanamoo miti," jetti Aadde Kuuriyaa. Daarektarri olaanaa EASA Patrik Kay xiyyaarri 737 Max daandii qilleensa Awurooppaaf nageenya ga'aa qabaachuuf dhiisuu mirkaneessu irratti Bulchiinsa daandii qilleensaa federaalaas (FAA), hordoftoota Ameerikaas ta'e Booyiingiif 'harka akka hin kennine' waadaa naaf galaniiru jetti. Booyiing xiyyaara Max jalqaba bara dhufu keessa qilleensatti deebisuuf FAA irraa eeyyama argachuuf abdata, ta'us garuu hariiroon cimaa FAA'n Booyiing waliin qabu xiyyeefannoo jala galeera.
Booyiing xiyyaara Max jalqaba bara dhufu keessa qilleensatti deebisuuf FAA irraa eeyyama argachuuf abdata, ta'us garuu hariiroon cimaa FAA'n Booyiing waliin qabu xiyyeefannoo jala galeera. Dhiyeenya kana balaa isa jalqabaa Onkololessa bara darbee booda FAA'n balaan biraa uumamuu akka danda'u osoo beekuu xiyyaarri 737 Max balalii akka itti fufu eeyyamuu isaa barameera. Aadde Kuuriyaan " Qorannoon dabalataa yeroo gaggeeffamutti dhimma 737 Max irratti sababoota dabalataa Booyingiin hin amanne argachaa jirra," jetti. "Waantooti dhoksamuu irra hin jiraanne dhokfmanii turan, kan darbamuu hin qabne darbameera. Yeroo aanga'oota geejjiba qilleensaa kamiyyuu waliinu teenyee haasofnutti du'uu maatii keenyaa kan dhorkamuu kan danda'u akka ture barra," jetti. Qorattoonni nageenyaa Awurooppaa xiyyaara kanaaf "eeyyama haaraa keennuuf yeroo isaanii ni fudhatu " jedha Obbo Kay. Sodaan isheen xiyyaaricharraa qabdu rakkoo to'annoo balaliinsa balaa lamaan geessise qofa osoo hin taane rakkoolee gurguddoo biroo 737 Max irra jirani dha jetti Aadde Kuriyaan. Akka Aadde Kuriyaan jettutti EASA'n " adeemsa nageenyaa ciccimoo xiyyaara 737 Max irra jiran hunda irra deebiin akka qoratanidha."
Boeing omisha xiyyaara 737 Max dhaabu akka danda'u akeekkachiise Boeing xiyyaroota akka hinhojjannee taasisuun yeroo dheeraaf kan itti fufu yoo ta'ee omisha 737 Max dhaabu akka danda'u akeekkachiise. Kaampaanichis gabaasa Roobii darbe dhiyeesseen sababii balaa xiyyaarotaan wal qabatee kurmaana keessatti kasaaraan dolaara biliyoona 3.4 irra gaheera. Kunis, kasaaraa guddicha dhabbatichi kurmaana tokko keessa dhabedha. Dhiibbaan to'attota balallii kan itti fufu yoo ta'e Boeing omisha 737 Max hir'isuuf ykn gutummaatti dhaabuuf akka yaadu himeera. Haa ta'u malee, itti gaafatamaan Boeing Denis Mulenbarg xiyyaarichi Onkololeessatti gara qilleensaatti akka deebii'u abdatu. Boeing ammoo xiyyaaroota 737 Max hunda baatii Bitoteessaatii erga balaan xiyyaara daandii qilleensa Itoophiyaa qaqqabuun namoota 157 galaafatee booda akka dhaabbatu taasifameera. Baatii shaniin dura, Boeing 737 Max kan Daandii qilleensa 'Lion' tiin gaggeefamu kufee caccabuun namoonni 189 lubbuusaanii dhabaniiru. Qorannoon balaa xiyyaarota lamaanuu gaggeeffamaa kan jiru yoo ta'u, Boeing ammoo rakkina softi weerii to'annoo balaliinsaa fi dhimmoota biraa Bulchiinsa Aviyeeshinii Federaala US dabalatee to'attootaan adda baafame sirreessuuf hojjataa jira. Dhaabbanni Boeing kan hanga ammaatti mirkanneesse qaama to'attootaa eeggataa jiruus, warra 737 Max tti fayyadaman waliin torbaniif haasawa bilbilaa taasisaa jiraachuufi softi weeriin fooyyeeffamees balaliinsawwan 225 irratti yaalamu himeera. Balaa xiyyaarotaa lamaatiin booda, baay'inni omisha 737 Max ji'atti xiyyaara 52 irraa 42 gadi bu'eera, akka Obbo Mulanbarg dubbataniitti. Wayita ammaattis Boeing kan duraa caalaa qaama xiyyaaraatiif baasii hedduu baasuuf dirqameera haaluma gatii omishtoota xiyyaaraatiin baafameen.
Wayita ammaattis Boeing kan duraa caalaa qaama xiyyaaraatiif baasii hedduu baasuuf dirqameera haaluma gatii omishtoota xiyyaaraatiin baafameen. Kana malees xiyyaarota haaraa 737 Max daandiiwwan qilleensaatiif dhiyeessaa waan hinjirreef galiifi bu'aan dhaabbata Boeing garmalee miidhameera. Kanaafuu, kana booda oomisha xiyyaarichaa hir'isuun oomisha 737 Max gutummaatti dhaabuuf geessuuf qaqqabsiisuu danda'a jedhameera.
BBCn oduu marsariitii gubbaatti amanamummaa fi iftoomina cimsuuf akkamiin hojjechaa akka jiru hubadhu The BBC is recognised by audiences in the UK and around the world as a provider of news that you can trust. Our website, like our TV and radio services, strives for journalism that is accurate, impartial, independent and fair. Our editorial values say: "The trust that our audience has in all our content underpins everything that we do. We are independent, impartial and honest. We are committed to achieving the highest standards of accuracy and impartiality and strive to avoid knowingly or materially misleading our audiences. "Our commitment to impartiality is at the heart of that relationship of trust. In all our output we will treat every subject with an impartiality that reflects the full range of views. We will consider all the relevant facts fairly and with an open mind." We know that identifying credible journalism on the internet can be a confusing experience. We also know that audiences want to understand more about how BBC journalism is produced. For these reasons, BBC News is making even greater efforts to explain what type of information you are reading or watching on our website, who and where the information is coming from, and how a story was crafted the way it was. By doing so, we can help you judge for yourself why BBC News can be trusted. We are also making these indicators of trustworthy journalism "machine-readable", meaning that they can be picked up by search engines and social media platforms, helping them to better identify reliable sources of information too. The BBC has long had its own Editorial Guidelines that apply to all of our content and set out the standards expected of our journalists. To make it easier to see how BBC guidelines are used in our newsroom, we have listed all the relevant sections on this page. Mission Statement: The mission of the BBC is to act in the public interest, serving all audiences through the provision of impartial, high-quality and distinctive output and services that inform, educate and entertain. Full details are in the BBC Charter. Ownership Structure, Funding and Grants: We are independent of outside interests and arrangements that could undermine our editorial integrity. Our audiences should be confident that our decisions are not influenced by outside interests, political or commercial pressures, or any personal interests. Learn more about how BBC News is funded, in the UK and internationally, in the BBC Charter on the independence of the BBC. Founding Date: The BBC was founded on 18 October 1922.
Read more about the history of the BBC. Ethics Policy: The BBC's Editorial Guidelines outline the editorial values and practices that all our output is expected to conform to. Other links: Diversity Policy: Learn about BBC News' commitment to diversity in the BBC Charter. Diversity Staffing Report: Find out about how BBC News is working to increase diversity in the BBC's Equality Information Report. Corrections: The BBC is committed to achieving due accuracy. Policies relating to corrections can be found in the following sections of our Editorial Guidelines. Our output must be well sourced, based on sound evidence, thoroughly tested and presented in clear, precise language. We should be honest and open about what we don't know and avoid unfounded speculation. Claims, allegations, material facts and other content that cannot be corroborated should normally be attributed. We are open in acknowledging mistakes when they are made and encourage a culture of willingness to learn from them. If an article has been edited since publication to correct a material inaccuracy, a note will be added at the end of the text to signal to the reader there has been an amendment or correction with the date of that change. If there is a small error in a story that does not alter its editorial meaning (eg name misspelling), the correction will be made without an additional note. Unless content is specifically made available only for a limited time period, there is a presumption that material published online will become part of a permanently accessible archive and will not normally be removed. Exceptional circumstances may include legal reasons, personal safety risks, or a serious breach of editorial standards that cannot be rectified except by removal of the material. Other links: Verification/Fact-checking Standards: The BBC's accuracy and verification policy is outlined in the Editorial Guidelines on Accuracy. Unnamed Sources: The BBC's policy and guidance on the use of anonymous sources is detailed in the Editorial Guidelines. Other links: Actionable Feedback: The BBC's complaints procedure is outlined in the BBC Complaints Framework. Leadership: Meet the senior executive team that runs the news division: BBC News Board. BBC News articles based on original reporting carry bylines (the name of the journalist), as often do those authored by journalists who have a subject specialism. General news stories, which tend to combine information from a variety of sources, including news agencies, BBC Newsgathering and BBC broadcast output, or which may have been produced by several members of staff over the course of the day, do not as a rule carry bylines.
General news stories, which tend to combine information from a variety of sources, including news agencies, BBC Newsgathering and BBC broadcast output, or which may have been produced by several members of staff over the course of the day, do not as a rule carry bylines. BBC News distinguishes between factual reporting and opinion. We use machine-readable labels in six categories: Our output, as appropriate to its subject and nature, should be well sourced, based on sound evidence, thoroughly tested and presented in clear, precise language. We strive to be honest and open about what we don't know and avoid unfounded speculation. Where BBC News relies on a single source for a key aspect of its coverage, we will strive to credit that source, where possible. We usually link to official reports, sets of statistics and other sources of information, to enable you to judge for yourself the underlying information that we are reporting on. Whenever appropriate, we also offer links to relevant third-party websites that provide additional information, source material or informed comment. For in-depth pieces of work, such as complex investigations or data journalism projects, we will help you understand how we went about our work by showing the underlying data and by disclosing any caveats, assumptions or other methodological frameworks used - for example, the study-design; the sample size; representativeness; margins of error; how the data was collected; geographical relevance and time periods.
Senetarri paartii Dimookiraatotaa Kiriis Kuuns walgahii Kibxata Guraandhala 22 ministeera dhimma alaa Afrikaa Kibbaa Naaleedi Paandoor waliin shaakala waraanaa kana irratti mari’achuu isaanii akeekkachiisaniiru, garuu “yeroo keenya asitti dabarsinu daqiiqaawwan biroo hundi waa’ee sagantaa PEPFAR” ta’uu ibsaniiru.
Niipsin ituu lubbuudhaan jiraate ji’a Hagayyaa dhufu wagga 37ffaa dhaloota isaa kan kabaju akka ture gabaasameera.
Yunivarsitii Mishigan Keessatti Dhukaasa Banameen Yoo Xiqqaate Namoonni 3 Ajjefaman Kutaa Yunaayitid Isteetis Michigaan keessatti kan argamu Yuniversitii Michigaan keessatti namni qawwee hidhate tokko ol seenuu dhaan lubbuu namaa galaafatee kaanis madeessuun isaa gabaasamee jira. Namni qawwee hidhate kun eenyummaan isaa adda baafamuuf qoratamaa utuu jiruu ofitti dhukaasuun of galaafachuu isaa poolisiin mooraa sanaa beeksisee jira. Magaalaa guddoo kutaa sanaa Ditirooyit irraa gama dhiyaatti kan argamu Yuniversitiin guddichi kun barattoota 50,000 qaba. Yeroo ammaa hawaasa mooraa sanaa fi hawaasa naannoof eegumsi taasisamaa jiraachuu poolisiin beeksiseera. Dhukaasa walitti aansuun Yuniversitii Mishigaan keessatti raawwatameen yoo xiqqaate namoonni sadii yoo du’an shan immoo madaa’aniiru. Itti aanaa hoogganaan poolisii mooraa Yuniversitichaa Kiriis Roozmaan tuuta oduuf ibsa kennaniin kanneen miidhaan irra ga’e martinuu gara hospitaala naannootti geessamaniiru, kaan isaanii balaan madaa’uu lubbuuf sodaachisu irra ga’eera jedhan. Roozmaan akka jedhanitti shakkamaan akka halellaa sanaan hidhata qaba jedhamuun adda baafame har’a ganama qorannaan irratti geggeessamaa ture Haleellaa kanaaf kaka’umsi jiraachuu isaa ilaalchisee odeeffannoon hin jiru, Yuniversitihis haleellaa sana dura doorsisi isa dhaqqabe hin jiru. Kan nuti galgala kana argine dhugumatti kan nama rifaasisu, garuu nageenya mooraa keenyaa, barattoota keenyaa fi hawaasa naannoo keenyaa irratti fuuleffannee turre jedhan Roozmaan. Dhukaasi sun kan jalqabame bakka angawoonni namoota miidhaan irra ga’e hedduu argan biilsa barnoota kan fuuleffate yoo ta’u, yeroo gabaabaa booda immoo dhukaasi itti dabalaa biilsa waldaa barattootaa irratti baname. Yuniversitichi sa’aatilee 48f hojii dhaabee ture. Michigan State Yuniversitiin, Ditiryooyit Kaaba gama dhiyaa fageenya km 145 irra kan jiru mootaa Laansiing-tti argamu keessaa barattoota 50,0000 qaba.
Michigan State Yuniversitiin, Ditiryooyit Kaaba gama dhiyaa fageenya km 145 irra kan jiru mootaa Laansiing-tti argamu keessaa barattoota 50,0000 qaba.
Prezidaant Baayiden Dinagdeen Toora Guddinaa Qabachuu Eeranii Akka Addaan Qoqqoodamuun Biyyattii Keessaa Dhaabatu Waamicha Dhiheessan Miseensota Mana-maree toora paartiin addaan qoqqoodame duratti kan haasawa gabaasaa haala biyyaa Kibxata kaleessaa dhiheessan, prezidaantiin Yunaayitid Isteetis Joo Baayiden bulchiinsi isaanii hojii-dhabinsa biyyattii keessaa gad-buusuu fi haala hatattamaa sababaa dhukkuba KOVIDn uumame xumuruu dabalatee tarkaanfiilee fudhate eeranii, miseensota mana-maree ka paartii mormituu isaanii waliin gamtoomuun hojjehuun waamicha dhiheessan.
Bara 1991 Biil Kilinton yakkamee himannaan taayitaa irraa isa buqqisuu malu yeroo otuu irratti dhiheetee jiruu prezidaantii qaamaan dhihaatee haasawa waggaa haala biyyaa sana taasise ka jalqabaa ture.
Biriteen fi Kaanaadaan, dhaabbilee kanneen mootummicha waraanaaf boba’aa xayyaara haleellaa samii irraan humnoota deggertoora dimokraasii irratti raawwataniif dhiyeessanii fi ripxe loltoota michoota mootummaa kanneen gandeen baadiyyaa Maaynamaar keessaa sosso’an irra qoqqobbii guddaan kaa’aniiru.
Laavroov fi Paandoor marii dhuunfaa osoo hin jalqabin dura miidiyaalee duratti yaada qophaa’e irratti ibsa kennanii turan.
Poop Firaansiis Sudaan kibba Daawachuudhaaf kan karoorfatan Adoolesa bara darbee keessaa akka tureefi dhimmaa eegumsa fayyaatiin sababa walqabateen Vaatikaan daawwannichaa yeroo biraatti dabarsuun ishee beekamera.
Mootummaan Chaayinaa ji’a Muddee torbaa kaasee tarsiimoo “Ziiroo Koovid”jedhu ergaa hojiirra oolchee boodaa biyyatiin babala’insaa dhibee kooviid kan namoottan haaraa kuma 60 ta’an ajjeeseef saaxilamuun ishee gabaasameera.
Prezidaani Baayideen fi Muummichii ministiraa jaappan iftaan Amajii 13 bara 2023 as washingitoon keessatti wal arganii dhimmottan waloo irratti akka marii taasisan gabaasameera.
Yunaayitid Isteets Qajeelfamaa Koroonaa Haaraa Hojirra Oolchuu Malti Chaayinaan Namoonii biyyatti seenan dhibee koovid 19n kan walqabateen akka addaan bahanii kaa’aman ykn kuwaaratiin taasifaman seeraa taasisuu kaasuu ishee hordofuudhaan Yunaayitd Isteets namoottan chaayinaa irraa dhufan irratti qajeelfama haaraa akka fayyadamuu dandeessu haangaa’ootaa Mootummaa waabeeffachuu- dhaan maddi oduu Rooyiters gabaasee jira. Jaappaan, Indiyaa fi Maalejiyaan imaltootaa Chaayinaa irraa gara biyyaa isaanii seenaan irratti ergaa seeraa haaraa labsanii boodaa, ibsaa kana kan kennan haanga’onni Yunaayitid Isteets haala dhibee Koovidi fi tarkaanfii fudhatte irratti gama chaayinaatiin odeeffannoon Iftoominaa irratti hundaa’ee waan hin jireef imaltoota Chaayinaa irraa dhufan irratti qajeelfamnii hordoffii haraan ba’unsaa hin olu. Jaappan imaltoonii chaayinaa irraa biyya ishee seenan waraqaa ragaa Koovid irraa bilisaa ta’uu isaanii agarsiisu qabaachuu akka qaban kan ibsitee yemmuu ta’u, biyyii Maaleejiyaa gama isheetiin tarkaanfii imaltootaa gama chayiinaa irratii hordofii addaa taasisuudhaaf murteesitee jiraachuu ishee Rooyoters gabaaseeraa. Chaayinaan wixata dheengaddaa ibsaa baasteen bara 2020 as yeroo jalqabaatiif Amajii 8 bara 2023 kaasee imaltoonni biyyaa alaati seenanii fi koronaadhaan qabaman akka bakka addaan bahanii turan seeraa taasisu haquu ishee beeksiftee jirti. Gabaasonii ,yeroo amma dhibeen Koroonaa Chaayinaa keessatti waan dabalaa deemeef mannoottan yaalaa fi bakkaawan awwaalchaa hedduu muddamuu isaanii yemmuu ibsan odeeffannoon ifatti mootummaa chaayinaa irraa guyyaa wixataa bahee immoo guyyoottan Torban darban keessatti nammii sababa Koroonaatiin du’e tokko qofaa akka ibsee jira.
Gabaasonii ,yeroo amma dhibeen Koroonaa Chaayinaa keessatti waan dabalaa deemeef mannoottan yaalaa fi bakkaawan awwaalchaa hedduu muddamuu isaanii yemmuu ibsan odeeffannoon ifatti mootummaa chaayinaa irraa guyyaa wixataa bahee immoo guyyoottan Torban darban keessatti nammii sababa Koroonaatiin du’e tokko qofaa akka ibsee jira.
Yunaayitd Isteets walti dhufeenyaa biyyoottan Arabaa fi Chaayinaa dhiyeenyatti hordoofaa akka jirtuu kan ibsee gabaasnii Rooyiters, Sa’ud Arabiyaa fi biyyootan Arabaa biroo, kan akka Yunaayitid Arab Imereets, dhimmi isaanii diinagdeedhaaf nageenyaa biyya isaanii irratti hojjachuu malee biyyoottan aangoo qabeessa ta’an gidduu galuu akka hin barbaanne ibsuu isaanii gabaaseera.
Gama kaaniin Taphii gareewwan 16 immo sambata borii jalqabama.
Kanneen jedhan ilaala qophiin har’aa.
No media source currently available
Dhukaasa mana dhiichiisa halkanii kan namoota saala walfakkaataan jaaleellawwan walii ta’an Koloraado Springs, Koloraado keessatti raawwatameen namoota shan du’anii fi 18 madaa’anii guyyoota muraasa booda, haleellaan varjiniyaa kun raawwatame.
Wal ga’ii ariifachiisaa ariitiin qophaa’een, Pirezidaantiin Joo Baayiden dho’iinsa kana hordofuun hoggantoota Kanaadaa, Komishina Awurooppaa, Mana Maree Awurooppaa, Faransaay, Jarman, Xaaliyaanii, Jaappaan, Nezerlaand, Ispeen, Yunaayitid Kingidam walitti qabuun mariisisaniiru Baayiden yeroo kanatti misaa'elli kun Raashiyaa irraa dhukaafame ta'uu dhiisuu mala jedhan.
Prezidaantiin Yuukreen Raashaa Waliin Maryyachuu Akka Barbaadan Ibsan Yoo haal dureewwan isaan gaafatan fudhatama argatu ta’ee Raashaa wajjin maariidhaaf taa’uu akka barbaadan Prezidaantii Yuukreen Volodemiir Zeleneisii ibsaanii jiru. Walgahii haalaa qileensaa kan idlee addunyaa irratii haasaa taasisuu isaaniitiin duratii akka jedhaniitii, yoo daangaan Raashaatiifi Yuukreen bakka isaatti deebii’ee dhaabbate, yoo wareen weeraa raashhatiin miidhaan irra gaheef beenyaan kaffalame fi yoo wareen lolichaa kaasaan itti gaafatamuummaati dhihaatuu ta’an marii karaa nagaa dhuga qabeessaa ta’eef qophaawaa ta’uu isaanii akka himan gabaasameeraa. Itti gaafatamaan maree Nageenyaa fi Itisaa biyyaalesaa Yuukreen Oleksii Daniiloov gama isaaniitiin akka jedhaniitii haalii inii gudhaan daagaalee Yuukreen bakkatii deebisuu akka ta’ee ibsuun isaanii dabalataan gabaasamee jira. Oduu walqabateen Gaazeexaan Raashaa The Komeersant jedahmuu qibxataanhar’aa maddeewaan dhimichatti dhiheenyaa qaban waabeffachuudhaan akka gabaasetii yunaayitd Isteets fii Raashaan waa’ee meeshaa Nuukileeraa irraatii biyyaa walakeesaa bahaa maqaan hin dhahamnee keessatii walgahii taasisuudhaaf deemuu. Walgahiichii ergaa Raashaan yukreeniin weerartee Guraandhalaa 24 as meeshaalee Nuukleeraa hojjatamaan akkataa hirdhiisuun danda’amu irratii akka ta’ee gabsameera. Karaa biraatiin biyii yeroo ammaa yaalii misaa’elootaa hedduu taasisaa jirtu Kooroyaan kaabaa, Raashadhhaaf meeshaalee waraanaa gurguddoo dhiheesaa jiritii jechuudhaan himanna irratii dhihaatee qibxata har’aa haaltee jirti. Qaamooleen dhaabataa tika US dhiheenyaa kana odeeffannoo baasaniinii Raashaan Kooriyaa kaabaa irraa Rookeetotaa fi meeshaalee waraan gurguddoo fageennyyatii furgugaa’an arggachuu ishee mirkaneessuun isaanii ibsamee jira.
Qaamooleen dhaabataa tika US dhiheenyaa kana odeeffannoo baasaniinii Raashaan Kooriyaa kaabaa irraa Rookeetotaa fi meeshaalee waraan gurguddoo fageennyyatii furgugaa’an arggachuu ishee mirkaneessuun isaanii ibsamee jira.
fuula Twitter isaa irratti maxxansuun ministeerichi akka jedhetti meeshaaleen Raashiyaan Yukireen keessaa qabdu hangi tokko humnoota eeggataa bakkaa bakkatti sosso’aniin kan qabanii fi hanqina humna namaa akka qabu beeksiseera.
Mata dureelee lamaan kana irratti gabaasaalee Sagalee Ameerikaa qophaa’an, Jaallanneetu qindeessee dhiyeessa.
Dhimma kana irratti kan Jaallanneen Finfinnee irraa dubbiste hayyuun dhimma fayyaa xiin-sammuu Dr. Dirribaa Waaqjiraa, miidhaalee yeroo akkasii uumaman guguddoo keessaa tokko miidhaa yokaan dhukkubbii sammuu tahuu dubbatan.Yeroo akkanaatti kan irra-caalaa miidhamu dubartootaa fi ijoollee akka tahes hubachiisanii, dhibeen kun akka xiyyeeffannaa argachuu qabu eeran.
No media source currently available Gama kaaniin, Ministeerri haajaa alaa Amerikaa Antonii Blinken gumii walii galaa kan Tokkummaa Mootummootaa cinatti, walgahii waa’ee wabii nyaataa irratti dubbatuuf gargaaraa keessummeessaa ta’uun gaggeessanii jiru.
HR 1342 deggersaa miseensotaa mana maree bakka bu’otaa 40 ol kan argatee yemuu ta’uu, hojii irra ooluudhaaf walgahii mana maree bakka bu’otaa guutuutti dhihaatee seeraa ta’ee raggaasisamuu qaba.
Du’uu mootittiin Elizaabet Lamaffaan gaddaa kan jiru Waayit Hawuus, mootittii waggoota dheeraaf teessoo isaanii irra turanii fi nama Amerikaa fi Yunaaytid Kingdam giddutti hariiroon jabaa akka jiraatu qooda qabaachaa turan jedhee jira.
Prezidaant Joo Baayiden garee pezidaantii duraanii qeequu itti fufanii jiru Prezidaant Joo Baayiden, guyyaa hojii guutummaa biyyatti keessatti wixata kaleessa kabajaamee oolee irratti haasaa duulaa filannoo walakkeessaa kutaa biyyaa Wiskonsini fi Pensilveeniya ti taasisanin wareen siyaasaa Amerikaa keessatti yaadaa finxaaleyyummaa geggeesaa jiru jedhan balaaleffataniiru. Baayideen haasaa isaanii kana keessatti wareen yaadaa Prezidaantti biyyatti duraanii Doonaald Tiraamp hordofan dimokraasii biyyatiitif soda dha jedhanii jiru. Itti dabaluudhaanis As irratti ifa gochuun barbaada. Rippaablikoonni hunduu waraa yaadaa “Make America Great Again” jedhu geggeesan miti. Rippaablikoonni hunduu warra yadaa finxaaleyyummaa qaban miti. Ripaabilikaanota idilee ta’anii wajjin hojjadheen beeka. Haata’u malee rippablikaanonni mana maree keessa jiran wareen yaadaa finxaaleyyumaa qaban boodatti deemuu filatan. Aarii, hokkoa, jibbiinsa fi qoodinsaan guutaman. Garuu waliin taanee ni dandeenyaa.karaa gara fulduratti nu geessu biroo filachuu qabna” jedhan. Hasaan prezidaanti Bayiden kan nama gargar qooduudha jechuudhaan prezidaantii duraanii Doonalid Traamp qeequun isaanii beekameeraa. “ joo baayiden Filaadeelfiyaa fi Pensilveeniyaa dhufanii haasaa hadhawaa, kan jibbinsaan guutamee fi kan nama gargar qoodu kan prezidaantti biyyatti kamiinuu taasifamee hin beekne taasisan. Namoottan miiliyoonii 75 amma miiliyoonii 150 ti tilmaamamuu akka sodaa dimokraasii fi diinaa biyyaa ta’anitii farrajanii maqaa balleessani. Hundii keessan diinaa biyyaati.’’ Jedhan Doonaald Traamp Pitisberg Penselveeniyaa keessatti kan hojjattootaa gamtaa wajjin wal argan prezidaant Baayiden, Wareen jireenyaa walakkeessaa irra jiran Ameerikaa ijaaran, hojjattoonni immoo wareen jireenyaa walakkeessaa jiraatan ijaaran jechuun isaanii gabaasameeraa.
Hundii keessan diinaa biyyaati.’’ Jedhan Doonaald Traamp Pitisberg Penselveeniyaa keessatti kan hojjattootaa gamtaa wajjin wal argan prezidaant Baayiden, Wareen jireenyaa walakkeessaa irra jiran Ameerikaa ijaaran, hojjattoonni immoo wareen jireenyaa walakkeessaa jiraatan ijaaran jechuun isaanii gabaasameeraa. Kutaan biyaa Pensilveeniiyaan fi Wiiskonsiin filannoo moo’anii olaantumaa sagalee kongireesiidhaa fi Senetii keessati qabachuudhaaf waan murteesa ta’aniif paartileen lammanuu kutaalee lamman kana irratii xeyyeeffanna guddaa taasisanii jiru. Guyyaan hojii wixataa kaleessaa kabajamee oolee hojjattootaaf kabaja kennuudhaaf ergaa bara 1894 jalqabee wagga waggaadhaan guutummaa biyyaatti kan kabajamuudha.
Oduu gabaastootaaf Kamiisa kaleessaa akka ibsanti, Awuroopaa keessatti warshaa Nukleeraa guddicha ta’e kana keessa turree akka ilaaluuf dhaabbatii keenya mijeessee jira jedhan.Waa’een warshaa Nukleera kanaa na yaadeessa, yaadda’uun kookunis itti fuufa jedhan.
Walti dhufeenyii Chayinaa fi Raashaan Yunaayitid Isteets wajjin qaban muddama keessaa yemmuu jiru kanatti Shaakalli waraanaa taasifamuu kana irratti kan hirmaatan biyyootaan hedduu Repaabilikii Sooviiyeet duraanii jala turan, Chaayinaa, Indiyaa, Laa’os, Moongooliyaa, Nikaaraaguwaa fi Sooriyaa akka ta’an jeeneraala waraanaa Raashaa Olaanaa waabeffachudhaan Assoosheetid prees gabaasee jira.
Kana ilaalchisee marii Dr. Dagaa Seid waliin gaggeefame caqasaa.
Rakkoon naannoo sana keessa jiru addunyaa irratti isa hamaa dha, Jaarmayaan Fayyaa Addunyaa
Briteen Talaalii Farra Vaayrasii Duraa fi isa Boodanaa Omiikroom Ittisu Raggasiiftee Jirti Kunis yaaliif kennamee vaayrasii gosa lameenii irratti bu’aa akka qabuu fi sababaa isaan midhaan fayyaa jabaan dhaqqabe akka hin jirre ibsamee jira.
Doonaald Traamp Manii Isaanii Sakatta’amuu Isaa Qeeqanii Jiru Prezidaantiin yunaayitid Isteets duraanii Doonald Traamp Biiroon Qoraannoo Feederaalaa ykn FBI sakatta’iinsii mana isaanii isa kutaa biyya Filooridaa bakka Maara Laagoo jedhamu jiru irratti taasisee dhiibbaa siyaasaa irratti kan hunda’eedhaa jechuun isaanii fi sakatta’iinsii taasifamee Domaald Trump yemuu wajjiraa prezidaantummaa gadi lakkisaanii bahan galmeewwan mootummaa harka nama dhuunfaa ta’uu hin qabnee gara mana kuusaa fi galmee biyyaalessatti waan hin deebifinef qoraanoon yeroo dheera akka taasifamaa ture gabaasamee jira. Gabaasiin Paatsiyy Widakusiwaraatin masaraa waayit Haawus irrra qindeeffame akka jedhetti filaannoo prezidantummaa dhufuuf kan dorgomuuf carraaqaa jira Doonald Trump ergaa sakata’insichii taasifamee boodaa ergaa deggertootaa isaaniif imeelidhaan dabarsaniin tarkaanfiin mana isaanii irratti taasifamee akka isaan bakka bu’aa Paartii Reppabiliikotaa ta’anii hin dorgomne maqaa isaanii ballesudhaaf dhiibaa Partii Dimokiraatotaa taasiseen akka ta’ee ibsanii jiru. Tarkaanfichii misensotaa paartii Rippaabilikaanotaa wareen mana maree mootumma keessa jiran kan mufaachiise yemmuu ta’u, itti gaafatamtuun dhimma preesii masaraa waayit haawus Kaaren Jeen piyerii ibsaa oduu gabastotaaf keennanin waayit haawus dhimmichaa akka dursee hin beeknee yemmuu ibsan, “Sochii kana ilaalchisee waan dursinee beeknu hin qabnuu. Prezidaant Baayideen prezidaantii ta’ani flatamuu isanitiin duraa kaasee yemuu waajiraa keessa turaan hunda ministirrii haqaa qorannoo isaa akka of danda’ee taasisuu ifatii beeku. Olaantumaa seeraatii ni amanuu.” jedaniiru. Amajii 6 masaraa muutummaa biyyatii irratti jeequmasaa raawwateen walqabatee Prezidaantii duraanii Doonald Turaamp irratii qorannoon taasifamaa akka jiru waan beekamuu dha.
Amajii 6 masaraa muutummaa biyyatii irratti jeequmasaa raawwateen walqabatee Prezidaantii duraanii Doonald Turaamp irratii qorannoon taasifamaa akka jiru waan beekamuu dha.
Karaan egeree dhalanamaa baraaruu dandeenyuu yoo meeshichaa baleesinee qofaa” jechuun isaanii gabaasameera.
Akka gamtaam Awurooppaa jedhutti, ugurichii kan turu amma weerarri Yuukreen irratti raawwatame xumuraa arggatu fi amma mootummaan feedereshiinii Raashaa fi midiyaaleen mootummaa wajjin hidhata qaban oddeffannoo sirii hin taane gamtaa Awurooppaa fi biyyoottan miseensaa isaa ta’an irratti tamsaasuu dhiisaniitti jechuun isaa gabaasamera.
Sullivan addunyaatiiin dorgommii guddaa keessa ennaa jirtu kanatti, keessumaa naannoo Paasifikii fi Awurooppaa akkasumas giddu galeessa bahaa Baha keessatti Yunaayitid Isteetis ciminaan bobba’uu qabdi jechuun falman.
Kun immoo dubartoonni kutaalee sana keessa jiran kanneen miliyoona hedduutti lakkaawaman uggura kana baqatanii, gara kutaalee mirga ulfa of irraa baasuu tikfamuutti godaanuu malan jedhama.
Torbanneen lamaan kana keessatti yoo xiqqaate yakka ilaalchii banaa ta’e kun 6 gaggeessuuf karoorfamee jira.
Humnootiin Raashiyaa fi Yukireen Magaalaa Gama Dhihaa Sviyeerlodonesk Keessatti Wal Waraanaa Jiru Humnootiin Yukreenii fi kan Raashaa magaalaa gama dhiyaa yukreen siviyeerdonesk keessatti fageenya meetra tokko tokkoon haala dandeesisuun wal waraanaa kan jiran ta’u kan ibsan prezidaantiinYukreen Voladmiir Zeleenskii ibsanii jiru. Yukreen caasaa ittisa misaa’eelaa kan ammyyaaa ishee barbaachiisa jechuun Zeleenskiin michoota isaanii kan addunyaatti iyyataa yeroo jiranti haalli kun uumamee. Sagalee dhiyeenya kana vidiyoon dhiyaate irratti zeleeniskiin kutaalee gama dhiyaa fi anni Raashaa garakka jedhanti, Raashaan kaayyoo toofta qabeessa ijoon qabdu hin jijjiiramne .Waraanni Raashaa magaalaalee 3 kan gara dhiyaa siviyeerdoneesk kibbaa dhiyaan dhiibaa jiru. "Waraanni Raashaa humnootii dabaree eeggatan dabalataan Donbaas keessa qubsisuuf yaalaa jira.Garu waraana kanaaf ooluu maal qabu? Kanneen leenjii ga’a hin qabne fi haala dhoksaa ta’een walitti qabee gara wal waraansaatti naquu kan barbaadan fakkaata. Jeneeraalonni Raashaa lakoobsa namaa heddumiina qabu dirree waraanaatti bobbaasuu sana akka meeshaa waraanaatti ilaaluun itti gargaaramaa jiru" Jedhan - Prezidaantichi Yukireen, Zeleniskiin. Lubbuu namoota gam lameen irraa dhumanii mirkaneessuun rakkisaa ta’uus, Zalanskiin akka jedhanti Raashaa jalaa baatii keessa jirru Waxabajjii keessa kuma 40 caaluu mala. Ministeerrii ittisaa kan Briteen har’a akka jedheetti, wal waraansii naanoo siviierdoneskti gaggeeffamu guyyoota dhiyeenya kana keessa hammaachuu itti fufee jira. Waraannii Raashaa duula laga ce’uun gaggeeffamuuf dandeetti qabaachuun isaa, ji’oota dhufan keessa duula waraanaa gaggeeffamuuf jiru keessatti, waan akkaan barbaachisoo ta’an keessaatokko.
Waraannii Raashaa duula laga ce’uun gaggeeffamuuf dandeetti qabaachuun isaa, ji’oota dhufan keessa duula waraanaa gaggeeffamuuf jiru keessatti, waan akkaan barbaachisoo ta’an keessaatokko. Humnootiin Raashaa Dilbata kaleessaa warshaa keemikaalaa siviyeer donesk keessaa kan looltonnii fi siviloonni hedduun bakka daahannaa taasiifatan haleelanii jiru. Garu bulchaan kutaa Luhaansk akka jedhanti, warshaan kun amma iyyu to’annaa Yukreen jala jira.
Yunaayitid Isteetes ,biyyoottan dhiibbaa amantaa taasisu jette maqaa dhooftee jirti Ministeerrii dhimmaa alaa yunaayitid isteets walabuumaa amaantaa ilaalchisee ibsaa wagga mana maree bakka bu’ootaataaf dhiheessee keessatti biyyootaan dhiibaa amantaa irratii hunda’ee lammiilee isaanii irratii taasisan addaan baasuudhaan beeksisee jira. Akka gabaasichi ibsetti, bara 2021 keessaa Chaayinaan mirgaa amaantaa irratti dhiibaa taasisuudhaan sadarkaa jalqabaa irra jirti. Minstiriri dhimmaa alaa US Antoonii Bliinken dhimma kana ilaalchisuudhaan ibsaa kennaniin,Chayinaan, warren caalaan isaanii amantaa musiliimaa hordofan, warraa Uyghuri fi hordoftootaa amantaa warren lakkoofsaann yaraa ta’anii irratti duguuggaa sanyii fi diibbaa raawwachuu itti fuftee jirti. Bara 2017 as warren saba Uyghurii, Kaazaak, Turkees fi wareen biroo miliyoonii tokko ta’an moraa mana hidhaa jinjiyaang keessatti hidhamaniiru jedhaniiru. Antoonii Bliiken itti dabaluudhaan, Paartiin sirna Komunistii Chaayinaa, isaan amantaa Budahaa hordofan warren Tibeet irratiis hacuuccaa taasisaa jiraachuu isaa ibsaniiru. Mootummaan chaayinaa himannaa sadarkaa adduuyaa irratti dhihaachaa jiru haluudhaan bakkeewwan mooraa hidhaatii jedhaman hunduu mooraawwan leejii ogeessumaati jechaa jiraachuun ishee gabaasameera. Gabaasaa kana keessatti Chaayinaatti aanuudhaan Iraan, Maayinmaar, bulchiinsii mootummaa Taalibaan kan Afgaanistaan , Raashaan , Indiyaaniif Paakistaan maqaa dhahamaniiru. Akka Bliinken jedhanitti , biyyaa dimokiraata’umaadhaan beekamtuu Indiyaa keessatti haleellaan bakeewwaan amaataati namoottan irratti raawwatu dabalaa deemaa jira. Waggootan darbaniif dhiibbaa amantaa ilaalchisee himannaa US irara dhihaachaa ture Indiyaan jabeesitee mormaa turuun ishee ni beekama. Biyyii olla Indiyaa Paakistaan yakkaa dhimmaa amantaatiin walqabateen namoottan 16 irratti murtoo adabbii du’aa dabarsuu isheetiif ,amma ammati namoonnii ajeefaman akka hin jirree gabaasameera.
Biyyii olla Indiyaa Paakistaan yakkaa dhimmaa amantaatiin walqabateen namoottan 16 irratti murtoo adabbii du’aa dabarsuu isheetiif ,amma ammati namoonnii ajeefaman akka hin jirree gabaasameera.
Kunis rookeeta fageenya giddu galeessaa kan hanga kilo meetra 70 ta’u furguggiifamu ni qabaata jedhanii Yukreen waraanni ishee daangaa ce’uun lafa Raashaa irratti rookeeta akka hin darbannee mirkanii kennaniiru jedhan.
Dhimma kana irrattikan qopheessine caqasaa.
Kana malees, Raashaa waliin dubbachuuf tarkaanfiin dursee fudhatamuu qabuu waraannii Raashaa lafa weerara ituu hin jalqabiin dura tureetti deebi’uu qabu jedhan Zeleniskiin.
Angawoonni Yukreen akka jedhanti, looltoota isaanii hafan warshaa sibilaa keessaa baasuuf hojjataa kan jiran yoo ta’u meeqa akka achi keessatti hafan hin beektu.
Prezidaantiin Koriyaa kibbaa haaraa filataman kun michoomaa waraanaa waggoottan 70 darbaniif US waliin qaban akka jabeessanii itti fufan beekisisaniiru.
Awuroopaan akka jettutti, kontraatii seenamee maallaqa Yuroo fi Doolaaraan haa bitamuu kan jedhu ture.
Wa’ee fayyadama Nuuklaaraa irratii tibbana yaadaa Ministirrii dhimma alaa Raashaa Sergeey Lavaroov kennan irratti kan dubbata Lilooyid Oo’ustan, seeyifiidhaan tapahachuun bala qabeessaa malee bu’a qabeesaa mitii jechuun isaanii gabaasameera.
Gama Yukreeniin Raashaa irra ugguura dabalataa kaa’uu isa jedhu irratti kan fulleeffate ture.Tarkaanfiin inni itti aanuu maal akka ta’u beekna, deggersa michoota keenyaa abandanna jedhan Zeleenkiin.
Biyyoottan meseensaa G-20 ta’an US, UK, Fraans, Jarmaniif kanadaan weerara Raashaan Yuukreen irratti raawwatee fi walgahichaa iraatti hirmaachuu ishee yemuu balaalefatan , biyyoottan heduun Chaayinaa, Indooneejiyaa, Indiyaa fi Afrikaa kibbaa dabalatee balaaleffanaa irratti akka qoodaa hin fudahann beekameera.
tokkummaan mootummootaa akka jedhetti, bara 2014 qabee galmeelee mallatteeffaman irratti mootummaan beekkannaa sadarkaa addunyaa qabu kan Yemen waadaa wal fakkaataa seenee jira.
Fraank R. Jems yoo yakkamaa ta’uun isaa mirkaanaawe adabbii hidhaan umurii guutuu akka isa eeggatu gabaasameera.
Caalaatti kan miidhame maatii biyyoota hiyeeyyii keessa jiran ta’u kan ibsee Jaarmayaan Nyaataa fi Qonnaa kan Tokkummaa Mootummootaa torban dabree akka jedheetti, addunyaa irratti gatiin nyaataa bara 1990 as yeroo duraaf baatii Bitooteessaa darbee keessa guddsaa dabalee jira.
Dhimma akana irratti ammatti gad fageenyaan waan dubbatamee kan hin jirre yoo ta’u, polisiin Neew Yoork gama isaanii namoota rasaasaan dhahaman ykn dhohinsaan mada’an gabaasa jedhuuf birmataa jiru Ganama ha’r tajaajiilli baabuura iamaltootaa kan iddo rakkoon itti dhalatee harkiifataa turee.
Xiinxaltonni gama isaaniin sodaa qabaniin, filannoo dursaa irratti lakkoobsii namoota ba’anii sagalee kennan xiqqaachuun, filannoo isa xumuuraa irrattis lamaan isaaniitu dhiyaata taanaan haala wal fakkaataatu uumamuuf deema tilmama jedhu qaban.
Bliinken Roobii kaleessaa erga haanga’ootaa ol anoo mootumaa Aljeeriyaa wal arganii boodaa walwaraansii Yuukreen keesaatii taasifame biyyootaan hariiroo Raashaa waliin qaban akka irraa deebi’anii ilaalaniif birmadummaa daangaa biyyotaatiif akka deggersaa agarsiisan gaafataniiru.
Dhalattoota biyya ollaa Yulreen kan Jorjiyaa yoo ta’an isaanii qiyyaafannaa mufannaa Putiin jala akka turan dubbatu.
Kooriyaan Kaabaa Yaalii Misaayila Baalistikaa Haaraa Geggeessite Kooriyaan kaabaa misaayila baalastikii guddicha haaraa yaaluu ishee fi hoogganaan biyyattii Kim Jong Un buufata xayyaara sadarkaa addunyaa ka biyyattii irraa ofii isaanii yaaliin misaayilaa kun akka furguggifamu isaanii mrkaneessitee jirti. Sabaa himaaleen mootummaa Kim, jaakkeetii gogaa ufatanii misaayilichi kamisa kaleessaa buufata xayyaaraa Piyoong Yaang bakka xayyaarri irra fiigu irraa ibidda tufaa ennaa furguggifamu foddaa irraa daawwatan irra dhaabatanii mul’isaniiru. Gabaasa jimaata ganama gabasa ba’een sabaa himaan mootummaa Kooriyaa akka jedhetti, yaaliin misaayilaa Hsasong-17 jedhamuu ittisa waraana nukleraa kooriyaa kaabaa cimsuuf qaama yaalii godhamee ti jedhee jira. Tarsiimoo meeshaa haaraan kan Kooriyaa Kaabaa, humna keenya kan tarsiimoo irra deebi’uun addunyaaf ifaa taasisa jechuun Kim maqaa dha’uu dhaan gabaasee jira. Yaaliin misaayila baalistikaa ardii qaxaamuru kan kooriyaan kaabaa yaalte kun yeroo arfaffaaf yoo ta’u, erga bara 2017 ennaa prezidaantii Ameerikaa duaanii Doonaald Traampii fi Kim gidduutti muddamni guddaan ka’ee turee as isa duraa ti. Bara 2018 Kim, misaayila fageenya irratti furguggifamu dhaabuu isaanii labsaniiru, garuu bara 2019 keessa kan fageenya gabaabaa yaaluu itti fufan. White House irraa ibsi ba’e akka jedhutti yaaliin misaayilaa kun, murtiiwwan gola naga eegumsaa kan tokkummaa mootummootaa cabsuu dha, muddama hin barbaachifne uumuu dhaan nageenya naannoo balaa irra buusa jedhee jira. Ibsi kun itti aansuun diplomaasiif balballi hin cuamne, garuu Piyoongyaang gocha jeequmsaa dhaabuu qaba jedha. Yunaayitid Isteetis biyya ofii Ameerikaa fi Ripaablikii Kooriyaa akkasumas nageenya michoota Jaapapaan mirkaneessuuf tarkaanfii barbaachisu ni fudhatti jedha ibsichi.
Yunaayitid Isteetis biyya ofii Ameerikaa fi Ripaablikii Kooriyaa akkasumas nageenya michoota Jaapapaan mirkaneessuuf tarkaanfii barbaachisu ni fudhatti jedha ibsichi. Golli naga eegumsaa kan tokkummaa mootummootaa dhimma yaalii misaayilaa kana mari’achuuf jimaata har’aa kan wal ga’u ta’uu beeksisi sirnaa kan marsariitii irratti
Biyyii qoqqobbii diinagdee jala jirtuu Iraan, meeshaa nuukileeraa qabaachuuf sochii gootuu akka dhaabduu dhiibbaan akka irratti taasifamaa jiru ni beekama.
Kanneen keessaa yoo xiqqaate 353 moskoo keessatti kan hidhaman ta’u gareen walabnii haala jiru faana bu’u kun ibsee jira.
Yukreen poolaand Neetoo fi Raashaan Maal Keessa Jiran? Waraannii Yunaaited Isteetes gaarree bosonaan aguugaman kan Polaand gama bahaa keessa kan quubsiifaman yoo ta’u iddoon isaas daangaa Yukreen irraa Kiloo meetra muraasa fagaata jedhamee jira. Kunis lafa Raashaan maadheelee irratti qiyyaafachuun samii irraa haleellaa gaggeessaa jirtu kan Yukreen gama dhiyaatti dhiyoo dha.Neetoon yoo wal waraansa kana keessa seenee humnootiin Amerikaa kun qiyyaafata haleellaa jala seenuu isaanti. Torbanneen dhiyeenya kana keessa looltoota Amerikaa kuma shan gara Polaanditti erguuf sochii ta’u keessaa kun tokko ta’u fi kunis looltoota Amerikaa kuma 4 kanneen duraan gamas seenanii jiranti dabalata ta’uun ibsamee jira. Ituu hin yaadamiin akka tasaa Amerikaa fi Raashaan wal waraansa keessa seenuu sodaan jedhu kan jiru yoo ta’u, kana hambisuuf jecha sararrii bilbilaa kan wal qunnamtii qophaa’ee jira. Sodaan biraa jiru garu, humnootiin Neetoo kanneen Awuroopaa gama bahaa keessa jiran haallii hammaachaa yoo deemee qiyyaafata haleellaa jala seenuu maluu kan jedhu. Neetoon ibsa hamaa baasee kan jedhan prezidaantiin Raashaavlaadmiir Putin baatii dabree humnootiin ofii kan waa’ee Nukleeraa sadarkaa dammaqiinsa of-eegannoo irra jiran akka dabalan ajajan. Dhaabta Bruuking Institution jedhamu keessatti hayyuun gameessi kan ta’an Dr. Constanze Stelzenmuller akka jedhanti Neetoon lafa Yukreen hin seenu jedha. Garu karaa biyyoota miseensoota Neetoo ta’anii meeshaan waraanaa kan biyyoota gama dhiyaa Yukreen seenuun dabalaa jira. Putiin deggersa gama waraanaan taasifamaa jiru arguuf jira ykn argee jira .Kanaaf Neetoon wal waraansa keessa seenee akka hin jedhamne dhaamsa of-eegannoo qabuutu darbaa jira. Kana jechuun gama biraan mariin amma gaggeeffamu Putiin Neetoo fi lafa Neetoon qubatee jiru irraaati meeshaalee Nukleeraa gargaaramuu fedha isa jedhu.
Kana jechuun gama biraan mariin amma gaggeeffamu Putiin Neetoo fi lafa Neetoon qubatee jiru irraaati meeshaalee Nukleeraa gargaaramuu fedha isa jedhu. Kun taanaan waan haaraatu addunyaa mudata jechuu dha jedhan.
Sababinii guddhaan Raashaan Yukreen irratti waraanaa labsete akka biyyii olaa ishee miseensa NATO hin taanee ittisuudhaaf akka ta’e ibsamaa turuun isaa waan beekamuudha.
Kun gaaffii sirrii natti fakkaata, ta’uus ni danda’aa jedhan.
Golli Naga Eegumsaa Dhimma Raashiyaa fi Yukireen Ilaalchisuun Wal Ga’ii Hatattmaa Geggeesse Golli naga eegumsaa kan tokkummaa mootummootaa, prezidaantiin Raashiyaa naannolee Yukireen adda ba’an lamaa kutaalee walabaa ta’uu isaanii erga labsanii boodaT wixata kaleessaa galgala wal ga’ii ariifachiisaa geggeessee jira. Tokkummaa mootummootaatti ambaasaadderri Yunaayitid Isteetis miseensota gola naga eegumsaaf akka himanitti, prezidaantiin Raashiyaa Vilaadmir Putin Donestsk fi Luhaansk akka kutaalee walabaatti beekkannaa kennuun isaanii, abbaa biyyummaa fi tokkummaa Yukireen irratti haleellaa hiika hin qabaanne geggeessuu bakka bu’a jedhan. Tokkummaa mootummootaatti bakka buutuun Yunaayitid Isteetis Linda Toomaas Greenfiild akka jedhanitti, “Prezidaantiin Raashiyaa Vilaadmir Putin erga Sanaa qabee loltoota Raashiyaa naannoo sanatti akka bobbaasan beeksisaniiru. Naga eegdota ittiin jedhu. Kun waan hiika qabu miti. Sirriitti maal akka ta’an beekna. Sana gochuu dhanias addunyaa duratti filannoo isaanii beeksisaniiru. Boodatti jechuu hin qabnu. Seenaan akka nutti himutti diinummaa akkasii irraa fuula deebifachuun gatii guddaa nama baasisa. Rashiyaan abbaa biyyummaa Yukireen irratti kan ooftu haleellaan ifaa ta’e kan sirnaa miti. Akka biyya miseensa tokkummaa mootummootaa irratti haleellaa geggeessuu ti. Qajeelfama bu’uuraa kan seera sadarkaa addunyaa fi Chaarterii keennya cabsuu dha. Tarkaanfiin prezidaant Putiin kun Raashiyaan Yukireeniin weeraruuf hundee ta’uun isaa ifaa dha jedhan. Tokkummaa mootummootattti ambaasaddderri Raashiyaa, Yunayitid Isteetisii fi michoonni isa agama dhiyaa sochii waraanaa tuqatu jechuun himatan. Vassilii Nebenziyaa kaleessa galgala gola naga eegumsaaf akka ibsanitti, prezidaant Putin Luhaansk fi Doneetsk-n akka kutaalee walabaatti beekkannaa kennuu dhaan humnootii naga eegdotaas kutaalee lamaanitti ni bobbaasu jedhan.
Vassilii Nebenziyaa kaleessa galgala gola naga eegumsaaf akka ibsanitti, prezidaant Putin Luhaansk fi Doneetsk-n akka kutaalee walabaatti beekkannaa kennuu dhaan humnootii naga eegdotaas kutaalee lamaanitti ni bobbaasu jedhan. Tokkummaa mootummootatti bakka bu’aa Yukireen kan ta’an Sergiy Kyslytsya, akka Chaartricha keeyata 51 irra taa’ee jirutti, Yukireen mirga dhuunfaa fi walii kan ofii ishee irraa ittisuu qabdi. Nuti daandii nagaa fi dipilomaasummaa fi cicha qabna. Sana irras cimsinee dhaabanna. Danchii keenya irra jirra. Eenyuunuu maal iyyuu hin sodaanno. Eenyu iyyuu idaa nu irraa hin qabu. Eenyuuf iyyuu homaa hin kenninu. Shakkii tokko iyyuu hin qabu, sababiin isaas kun Guraandhala bara 2014 miti. Guraandhala bara 2022. Raashiyaan waggoota saddeeti dura odola Yukireen Kireemiyaa weerarte. Gama biraan, Yunaayitid Isteetis, gamtaan Awrooppaa fi Biriteen martinuu tarkaanfii qajeelfamaa fi seera sadarkaa addunyaa fi abbaa biyyummaa cabsu kanaaf Mooskoo irra uggura haaraa kan kaa’an ta’uu labsanii jiru. Abbaa biyyummaa Yukireen eegsisuuf murannoo qaban illee gola naga eegumsaaf mirkaneessaniiru.
Shofeeronni talaalii farra dhukkuuba KOOVID-19 argachuun dirqama ta’u fi uggurri dabalataa ka’amuu kan morman yoo ta’u, kunis weerara vaayrasii omikroon akka gad bu’uuf ta’uun ibsamee jira.
No media source currently available
Yunaayitid Isteets Keeniyaa fi Moorookoo gargaarte Yunaayitid Isteets Keniyaa fi Morokoodhaa tallaalli farra Kooviid 19 gosa Pfizer doozii miiliyoonii 2 akka erguuf murteeste beeksisteetti. Haanga’aan Waayit haawus VOA ti dubbatan , gargaarsaa kanaa ummata keeniyaa fi Moorookoof gochuu keenyaaf hedduu gammanna jedhaniiru. Itti gaafatamtuun dhimma preesii waayit haawus Jeen saakii Yunaayitid isteets tallaali farra kooviid 19 doozii Miiliyoonii 400 biyyoottan 112f arjoomuu ishee himanii , gargaarsaa tola kennamuu kana al 4 ol taasisuudhaan biyyaa kamiinuu caalaa yunaayitid isteets fedhii ishee akka agarsiifte ibsaniiru. Akka jee psaakiin jedhaniti yunaayitid Isteets biyyoottan tallaalii biyyaa ofii keessatii homoshachuu akka danda’anu yaalii taasifamaa jiruu deggeruudhaaf fedhii qabdi. Gargaarsaa amma taasifamee keessaa Keniyaan doozii 517,140 Moorookoon immoo Doozii 1, 599,390 kan fudhattu yemmuu ta’u talaallin kunis kan raabsamuu karaa dhaabbataa COVAX jedhamun akka ta’e gabasaameeraa. Akka gabaasa dhaabataa fayyaa adduunyaatti, Jiraattotaa miiliyoonii 54 kan qabdu Keeniyaa keessatti namoonnii 320, 000 Vaayirasii Koronaatiin qabamani,i namoonnii 5,558 jalaa du’aniiru. Jiraattotaa Miiliyoonii 37 kan qabduu Moorookoon, lammiileen ishee Miiliyooniin 1 fi 100.000 Vaayireesichaan qabamanii lubbuun namoota 15,167 darbeeraa. Amma ammaatii lammileen Afrikaa tallaalama dhibeentaa 10 qofa yemuu ta’an doktoorotaa fi narsootaa dabalatee amma ammaatti adduunyaa irratti namoonii Biiliyoonii 3 ta’an talaalli hin argganne.
Amma ammaatii lammileen Afrikaa tallaalama dhibeentaa 10 qofa yemuu ta’an doktoorotaa fi narsootaa dabalatee amma ammaatti adduunyaa irratti namoonii Biiliyoonii 3 ta’an talaalli hin argganne.
Oksfaam akka jedhutti, dureeyyiin kun bara kooviid itti hammaateetti maallaqa argatan kana waggoota weerara sana dura turan 14 keessatti maallaqa haganaa hin arganne.
Akka gabaasa jarmayaa hojjettotaa kan sadarkaa addunyaatti Afriikaan addunyaa eessaa lakkoobsa ijoollee ol aanaa qabdi, kunis miliyoona 72 yoo ta’u, dhibba irraa harki 43 hojii balaa qabu hojjetu.
Irra-caalaan isaanii, gochaan sun akka hookkara lootee-seentummaa, godhaa mootummaa Yunaayitid Isteetis humnaan garagalchuu yaaluu, yokaan filannoo garagalchuudhaan prezidaant taayitaa irra tursiisuu yaaluu akka tahetti kan ilaalan yoo tahu kaan garuu, akka mormii daangaa isaa dabreetti dubbatan.
Marii kana irratti foyya’insii gaariin kan argamu, muddamsa jiru hammeessuu manna laaffisuun yoo jiraate qofa jechuun Baaydiin dubbachuu isaanii Saakiin itti dabalanii ibsan.
Somaaliyaa kan ilaaleen filannoon paarlaamaa fi prezidaantii battalumatti gaggeeffamuu akka qabu, kunis hojii seeraan alaa irraa walaba ta’u akka qabu, Bliinkan hubachiisan.mummicha ministeera somaaliyaa hojii irraa dhaabuuf yaalii ta’e Amerikaan akka mormiitu, gamnii hundumtuu tarkaanfii haala jiru hammeessuu fi ibsa baasuu irraa akka of-qusatan Bliinkan ibsanii jiru.
Prezidaant Bayiden Yukireen Ilaalchisee Prezidaantii Raashiyaa Akeekkachiisan Prezidaantiin Yunaayitid Isteetis Joo Baayiden, Mooskoon Yukireeniin weeraruuf ennaa murteessitu tarkaanfii Ameerikaan fudhachuu maltu gita isaanii kan Raashiyaa Vladimir Putin waliin gama viidiyoon ennaa marii geggeessan dubbataniiru. Raashiyaan daran Yukireeniin weerarti taanaan Yunaayitid Isteetsii fi michoonni Awrooppaa tarkaanfii dinagdee cimaa fudhachuun deebii kennu jedhan. kana dura kan goone caalaa Yukreeniif meeshaalee waraanaa itti dabalaa ni kennina jedhaniiru. Kanaaf dubbii hammaataa adeemu kan akkasiif illee michoota keenya NATO kanneen warreen gama bahaa cina jiran, dandeettii itti dabalaa akka qabaatan ni cimsina jechuu dhaan gorasaan naga eegumsa biyyoolessaa Jake Sullivaan White Housetti tuuta oduuf ibsa kennaniiru. Sulivaan akka jedhanitti Baayiden Putiniif filmaata kennaniiru, “Dubbii qabbaneessuu fi diplomaasii” jedhan. Akka Kremlin-tti, Putin bara 2015 walii galtee Minsk-tti irra ga’ame hojii irra oolchuu ilaalchisee fooya’inni argamuu dhabuu cimsanii dubbatan. Sunis, lola naannoo donbaas kan Yukireen gama bahaa dhaabuuf yaadamee kan ture yoo ta’u, Doonbaas keessatti gochi tuttuqqaa Kyiv akkaan kan isaan yaaddesse ta’uu dubbatan. Hoogganaan Raashiyaa, NATOn qabiyyee Yukireen to’achuuf yaalii balaa qabu geggeessee jira, kanaaf naannoo daangaa Raashiyaatti waraana isaa walitti kuuse jechuun Kremlin gabaasee jira. Bulchiins Baayiden mormituu isaa waliin wal ga’ii gama viidiyoo ennaa geggeessu yeroo lammataa ta’uu isaa ti. Baatii Onkoloolessaa keessa prezidaantii Chaayinaa Xi Jinping waliin dhimma cimaa ka biroo waa’ee Taayiwaan mari’atanii jiran. Waaltaa Center for American Progress jedhu irraa Max Bergmann akka jedhanitti Raashiyaan yoo Yukireeniin weerarti ta’ee yoo itti milkaa’uun ishee argame, Chaayinaan haala sana itti dhiyeenyaan hordofti, kanaaf Taayiwaan ilaalchisee tarkaanfii fudhatamuuf jiruuf akka waan qopheen ta’uutti ilaalti jedhan.
Waaltaa Center for American Progress jedhu irraa Max Bergmann akka jedhanitti Raashiyaan yoo Yukireeniin weerarti ta’ee yoo itti milkaa’uun ishee argame, Chaayinaan haala sana itti dhiyeenyaan hordofti, kanaaf Taayiwaan ilaalchisee tarkaanfii fudhatamuuf jiruuf akka waan qopheen ta’uutti ilaalti jedhan. Yunaayitid Isteetis dhimmi Taayiwaan ta’uu akka hin dandeenye mirkaneessuuf gama diplomaasii fi mariin tarkaanfii fudhatamuu malu mara ni fudhatti? jechuu dhaan Sullivaan VOA irraa gaaffii dhiyaateef ennaa deebisan, Yunaayitid Isteetis abjuu Raashiyaan Yukireniin weeraruu fi akkasuma dhimma Chaayinaa fi Taayiwaan ilaalchisee dura dhaabbachuuf qophee dha jedhan. kanaaf weerara sana hambisuuf yaaluun amma kaayyoo imaammata keenyaa ti jedhaniiru.
Magaalota Niwu Yoorkiif Chikaagoo keessatti waggaa darbee sababa koroonaatiin kan ituu hin ta’in hafee hiriirri fi doo’iin guddaan daandii irratti taasifamuu guyyaa hara’aa akka taasifame beekameera.
Dhukubsachuuf du’uu iraa kan hafe, Sababa kooviid 19 diinagdee adduunyaa fi jireenyaa baqattootaa irratii rakkinaa uumeef baqattoon nyaataa fi eegumsa fayyaatiif akkasumas baruumsaaf waan kafalan akka harkaa hin qabne UNHCR ibsuu isaatiif namoonii umnaan jireenyaa isaanii iraa buqqa’an namoottan adduunyaa kana keessa jiraatan irra haraka tokko ta’uu isaanii gabaasin lishaa Shilaayin kun himeeraa.
“ Saayibeeriyaa fi Kaalifoorniyaa keessaa ibiddi dhiyeenya, Chaayinaa, Jarmanii, Turkii keessaa balaa lolaa guddaan akka tasaa dhaqqabe, ho’i kutaa dachii gama kaabaa mudate kan argamee hin beekinii qabee hanga gaasii methane qilleensa faaluu isaa, Morokoo qabee hanga sengaal, hanga saayibeeriyaatti hongeen walitti aansuunmudate uummata miliyoonaan laka’amu dararaa, beelaa fi qe’ee ofii dhiisanii akka godaanan dirqisiise.
Akkuma gitoota isaanii kan Ameerikaa, dhaaboliin basaasaa Awrooppaa fi dhaaboliin naga eegumsaa yeroo ga’aa qabna jechuun yaadanii turan.
Akka kooriiyaan kibbaa jettutti sarara walquunamitii deebisanii ojiirraa oolchuun fuladuraatii waltii dhufeenyaa biyyootan lamman gidduu jiru jabeesuudhaaf tarkaanfii jalqabaat.
IOM baatii kana akka gabaasetti, waggaa kana koolu galtoonni 5,100 ta’an Yemeniin kan seenan yoo ta’u, bara 2020 keessa kanneen 35,000 ta’an imaltuuf gamas ennaa dhqan, bara 2019 keessa weerarri vaayiresii koronaa utuu hin ka’in dura immoo 127,000tu godaanan jedhee jira.
Abbaan alangaa gama isaatiin Raatikoo Maaldiik yakka duguuggaa sanyii raawatan kan broo qabu jechuudhaan himateera.
Mummichi ministeera xaaliyaanii gadda itti dhaga’ame ibsanii jiru
Waggaa dhufu immoo baqattoota kuma 100 fi kuma 25 simachuuf ammuumaa irratti hojjatamaa akka jiru ibsan prezidaant Baaydin.
No media source currently available
Dipilomaatiin Yunaayitid Isteetis Gameessi Baatii Lamaa Yeroo Hin Guunnetti Lammataaf Michoota NATO Waliin Wal Argan Ministriin dhimma alaa Yunaayitid Isteetis Antonii Blinken, dhimmootii hedduu kan Raashiyaan humnootii ishee daangaa Yukireen irratti walitti qabduu fi duula gamtaa wal taatotaa Afgaanistaan keessaa irratti mari’achuuf jecha michoota Awrooppaa fi NATO waliin Biraasels keessatti wal ga’anii jiran. Daawwannaan isaanii kun Blinken gitoota isaanii biyyoota miseensota NATO ta’an waliin Biraasels keessatti erga wal arganii torban sadii booda. Blinkeen ennaa wal ga’ii isa duraanii, dhimmi Yunaayitid Isteetis dursa kennituuf hariiroo michoota ishee waliin jiru cimstuu ta’uu dubbatan. Blinken ergaa Tweeter wixata kaleessaa maxxansaniin, “Biraaselsitti deebi’uu kootti nan gammada. Yunaayitid Isteetis keessumaa michoota NATO waliin hariiroo jiru ijaaruuf cicha qabdi” jedhan. Biliinken, kibxata har’aa ministeera haajaa alaa Yukireen Dmytro Kuleebaa waliin illee mari’achuuf jiru. Sochii Raashiyaan dhiyeenya naannoo daangaatti gootu Yunaayitid Isteetis fi bakka biroo keessatti yaaddoo uumee jira. Blinken muummicha barreessaa NATO Jeneraal Jens Stoltenberg waliin waa’ee haala jiru wixata kaleessaa ennaa mari’atan, Raashiyaan waraana ishee naannoo daangaa Yukireenitti walitti qabuu fi sochii balaa qabu akka dhaabdu walii galteetu jira jedhan. Stoltenberg har’a ennaa Kuleebaa waliin dubbatan NATOn Yukireen cina ni dhaabata jedhan. Gochi Raashiyaa fudhatama hin qabu, ibsuuf rakkisaa fi akkaan yaaddessaa dha jedhan Stolternberg. Kanaaf tuttuqqaa kana dhaabdee mudama jiru hatattamaan xiqqeessuu qabdi jedhan. Kuleebaan gama isaaniin Yukireen waraansa hin barbaaddu, walitti bu’iinsa jiru furuuf furmaata diplomaasummaa fi siyaasaaf cicha qabdi jedhan. Deggersa NATOn godhu cimsanii dubbachuu dhaan Raashiyaan sochii maal na dhibdee gooti ykn hokkara haaraa jalqabdi taanaan gatii nama baasisa jedhan.
Deggersa NATOn godhu cimsanii dubbachuu dhaan Raashiyaan sochii maal na dhibdee gooti ykn hokkara haaraa jalqabdi taanaan gatii nama baasisa jedhan.
Poolisiin Minniyaapolis Dargaggoo Lammii Ameerikaa Hidda Dhalata Afriikaa Tokkotti Dhukaasuun Ajjeese Namoonni dhibbaan laka’amu wixata galgala buufata poolisii kutaa Minnisootaa fuulleetti wal ga’uu dhaan ajjeechaa poolisiin raawwate balaaleffataniiru. Poolisiin Minniyaapolis ganda Brooklin Paark senter jedhuu jamaa wal ga’I bittimsuu yaaluuf jecha meeshaa nama hin ajjeesne kan sagalee guddaa fi ifa guddaa qabu akkasumas gaaza itti biifuun gargaarame. Poolisiin ennaa hiriirtota mormii buufata poolisii sana irraa fageessuuf yaalutti hiriirtota waliin walitti bu’e. Angawoonni akka jedhanitti hiriirtota keessaa hangi tokko poolisiitti waa darbataa turan, kanneen 40 ta’an to’annaa jala oolaniiru. Mormiin sun kibxata har’aa ganama jalqabe. Daunte Wright, dargaggoo umurii waggaa 20 lammii Ameerikaa hidda dhalata Afriikaa yoo ta’u dilbata ibsaa traafikii irra dhaabatee ennaa jiruu ajjeefame. Hoogganaan poolisii Brooklyn Center Tim Gannon akka jedhanitti polisiin sun dogoggoraan dhukaa’aa elektrikaan hojjetu kan yeroof of nama wal’aalchisu se’uu dhaan itti dhukaaste jedhan. Waajjirri qorannaa yakkaa kutaa sanaa waa’ee dhukaasa sanaa qorataa jira.kan umuriin waggaa 26 polisiin dhukaasa sana raawwatte yeroof hojii dhaabdee jirti. Bulchaan Brooklyn Center Mike Elliott poolisiin sun hojii irraa ari’amuu qabdi jedhan. dogoggora lubbubu namaa galaafatuuf obsa hin qabnu. Haqi akka mirkanaa’uufis waan dandeenye mara ni goona jedhan. Obboleessi Wright, Dallas Bryant sirna dungoo qabsiisuu kaleessa galgalaa irratti argamuun akka jedhetti poolisiin attamiin qawwee dhugaa fi kan laastikaa walii wallaala. Prezidaant Joo Baayiden akka jedhanitti qorannaan maal akka uumame adda ni baasaa jedhanii saamicha mormii sana booda raawwate garuu sirrii miti jedhan. naaa fi tasgabbiin akka bu’un gaafadha jechuu dhaan Baayiden Wixata kaleessaa Wahite House keessatti tuuta oduuf ibsanii, kan nagaa fi tasgabbiin akka jiraatu gaafatan harmee Dauntee dhaggeeffachuu qabna jedhan.
naaa fi tasgabbiin akka bu’un gaafadha jechuu dhaan Baayiden Wixata kaleessaa Wahite House keessatti tuuta oduuf ibsanii, kan nagaa fi tasgabbiin akka jiraatu gaafatan harmee Dauntee dhaggeeffachuu qabna jedhan.
Priins Filiip jalqaba bara 2021 irra kan duraanuu qaban dhukkuba onneen torbanneeniif hospitaala seenanii turan.Wal’ansii baqaqsanii suphuu erga godhameefii booda baatii Bitooteess darbe mana ofitti deebi’anii turan.
Yeroo ga’aa ta’eef kadhannaan yaadannee jirra, Amma garu tarkaanfii fudhachuu qabna jedhab prezidaant Baaydiin.
Briteenitti Ambaasaadderri Maaynamaar Embasii Akka Hin Seenne Dhorkaman Briteenitti ambaasaadderri Maaynamaar kan aangoo irraa kaafaman Aan Saan Suu Shii deggeran jedhamuu dhaan waajjirri isaanii Londoniin jiru itti cufamee jira. Kyaw Zwar Minn tuuta oduuf ibsa kennaniin roobii kaleessaa ajaja bulchiisa waraanaa Maynamaariin embasii akka hin seenne dhorkame jedhan. Bakka isaanii ibsa har’a biilsa sana fuulleetti dubbifameen, Kyaw Zwar Minn akka jedhanitti hojjettoonni embaichaa yoo diplomaatota mootummaaf amanamoo ta’an waliin hojjechuu didan, adaba cimaan akka irra ga’u itti himame. Ministriin haajaa alaa Briteen Dominic Raab, ergaa tweeter irratti har’a maxxansaniin gocha doorsisa bulchiisa waraana Maaynamaar balaaleffatanii jajjabina Kyaw Zwar Minn argagsiisan tuqanii jiran. Kun kan dhaga’ame humnootiin naga eegumsa Maaynamar magaalaa Kalaay Kaaba gama dhiyaa keessati hiriirtota mormii irrati dhukaasuun yoo xiqqaatee sivilota 11 ajjeesanii 10 madeessanii guyyaa tokko booda ta’uu VOA sagantaan afaan Burmaa gabaasee jira. Qindeessitoota hiriira sanaa keessaa tokko VOAf akka ibsetti dallaa hiriirtota kanaan tolfame akka kaasan loltoonni itti gaafatamni itti kenname utuu adda hin basin namoota irratti dhukaasuu jalqaban jedhe. Hiriirtonni sun mootummaan sivilii kan Aan Saan Suu Shii aangotti akka deebi’u gaafatan. Hiriirtonni lakkoobsi isaanii hin beekamin kaan isaanii meeshaa waraanaa mana keessatti hojjetame qabatanii turan, humnoota mootummaaf ajajamuu dhabdan jedhuun to’annaa jala ooluu qindeessitoonni ibsaniiru. Viidiyoon ganamaan maxxanfame sagalee dhukaasaa fi boombii harkaa akkasumas rookkeettii dhageessisee jira. Golli naga eegumsaa kan tokkummaa mootummootaa Ebla 1 akka ibsetti Aan Saan Suu Shii dabalatee hidhamtoonni Maaynamaar keessaa hatattamaan akka gad dhiisaman, hookkarris akka dhaabatu irra deebi’uun gaafatee jira.
Golli naga eegumsaa kan tokkummaa mootummootaa Ebla 1 akka ibsetti Aan Saan Suu Shii dabalatee hidhamtoonni Maaynamaar keessaa hatattamaan akka gad dhiisaman, hookkarris akka dhaabatu irra deebi’uun gaafatee jira. Mirgi namaa akka kabajamu akkasumas marii fi araarri dantaa uummata Maaynamaar eegsisu geggeessuun barbaachisaa ta’uu illee ibsee jira.
Naavalaany hidhaa irratti muramee kan waggaa lamaa fi walkkaa fixuuf mana hidhaa Moskoo irraa faageenya Kiloo Meetra 100 irra jiru keessatti argama.
Maaynamaar Keessatti Mootummaan Sivilii Haaraan Kan Farra Bulchiisa Waraanaan Hundaa’e Maaynamaar keessaa mormitoonni farra fonqolcha mootummaa ennaa gareen seera tumtoota aangoo irraa fonqolchamee bulchiinsa waraanaa mormuuf jecha mootummaan sivilii akka hundeeffamu labsetti koppii heera biyyattii guban. Koree Piyaadaangsuu Hiluutaaw jedhamu kan kennmeef mootummaan fincile kun, miseensa paartii Aan Saan Suu Shii kan baatii Sadaasa darbe filatamanii barchuma paarlaamaa akka hin arganne dhorkamuun to’annaa jala oolanii ti. Gareen kun heera federaalaa haaraa waraanni biyyattii bara 2008 wixineeffame kan bakka bu’uu dha. Bulchiinsi waraana biyyattii mormitoota deggertoota dimokraasii guutummaa Maaynamaar keessaa ripxe loltoota gosootaa anneen hiriirtota mormii cina dhaabatanitti duuluun yeroo dhiyoo itti fufee jira. Waraanni biyyattii, haleellaa buufata waraanaa fi poolisii irratti geggeessame ijaa ba’uuf jecha ripxe loltoota gosa Karen kanneen Maaynamaar gama bahaa irratti haleellaa samii irraanii raawwatee jira. Haleellaan sunis uummanni kumaan laka’amu gara boosonaa akkasumas gara naannoo daangaa biyya hollaa Maaynamaaritti akka baqatu dirqisiise. Haalli hammaataa jiru kun Maaynamaaritti jila addaa tokkummaa mootummootaa kan ta’an Christine Schraner Burgener, dhiigi dhangala’uu mala, yoo bulchiinsi siivilii biyyatttii keessatti bakkatti hin deebi’u ta’e wal waraansi ka’uu mala jechuu dhaan igola naga eegumsaaf ibsa akeekkachiisa kennaniiru. Ministriin dhimma alaa Yunaayitid Isteetis angawoonni akkaan hojii irratti argamuun dirqii hin taanee fi maatiin isaanii ennaa mormitoota farra fonqolcha mootummaa irratti mootummaan waraanaa duula dhiiga dhangalaasisu geggeessu kanatti Maaynamaar keessaa akka ba’an ajajee jira. Gama biraan Aan Saan Suu Shii har’a gama viidiyoon mana murtiitti dhiyaatanii jiran.
Gama biraan Aan Saan Suu Shii har’a gama viidiyoon mana murtiitti dhiyaatanii jiran. Abukaatoon isaanii Min Min Soe akka jedhaitti himannaa haaraan irratti hin dhiyaanne. Erga isaan to’annaa jala oolanii yeroo jalqabaaf roobii kaleessaa Suu Shii waliin wal arguu ibsanii jiran. Tajaajilli oduu marsariitii Khit Thit akka gabaasetti bulchiinsi waraanaa sirnaan hin labsinuu malee Suu Shii ganiinsa biyyaan himachuuf qophaa’aa jira.
Prezidaant Baayideen, baajeta kana guutummaa isaa dilaala Korporeeshinoota irraa galuun baasuuf, kanaaf jecha dilaala Korporeeshinootaa dhibbantaa 21 irraa gara 28tti guddisuuf yaada dhiheessan.
Jeneviin Haanson namoota hedduu yeroo ajjeechaa sana achi turanii if yeroo Qondaalichi Poolisii Chuuviin morma Filooyid irra jilbeeffate arguu isaaniitti baay’ee aaranii akka turan kaleessa dhugaa bahan keessaa tokko.
Beela hamaa kanaan sababaaleen walitti hidhatoota tahan hedduun akka jiran ka dubbatan – daarektarri waajira Jaarmayaa Nyaataa fi Qonnaa, magaalaa Jenevaa maadheffatee – Doominik Burgiyoon, warri jalqabaa walitti-bu’insa yokaan hookkara hidhannoon geggeessamu fi kufinsa galii dinagdee sababaa Koovid 19n dhufe akka tahe hubachiisan.
Yunaayitid Isteetis Gargaarsa Namoomaa Itti Dabalaa Naannoo Tigraayiif Kan Kennitu Ta’uu Labsite Yunaayitid Isteetis rakkoo namoomaa naannoo Tigraay keessaaf kan oolu gargaarsa itti dabalaa doolaara miliyoona $52 gumaachiteetti. Erga rakkoon gamasii jalqabee qabee Ameerikaan gargaarsa namoomaa doolaara miliyoona $153 kennitee jiti. Deggersi uummata Ameerikaa kun michoonni gargaarsa namoomaa kan sadarkaa addunyaa uummata miliyoona 4.5tti kan tilmaamamu kanneen Tigraay keessaaf baqattoota 62,000 kanneen Sudaanitti baqatan akka deggran kan taasisuu dha. Gargaarsi kun kunuusa lubbuu oolchuu, qubsuma, kunuunsa eegumsa fayyaa midhaan nyaataa yeroo hatattamaa, bishaan, fi meeshaa tajaajila qulqullina dhuunfaa fi kan naannoof oolu akka gumaachan gargaara. Sababaa walitti bu’iinsa kanaan maatii adda faca’e deebisanii wal agarsiisuuf oola. Dhaabbati misoomaa kan sadarkaa addunyaa kan Ameerikaatti gareen gargaarsa yeroo balaa tattaaffii gargaarsa namoomaa Ameerikaan kennituuf deggersa godhu itti fufee jira. Rakkoon namoomaa Tigraay keessaa hedduu nu yaaddessa jedha ibsi Yunaayitid Isteetis kun. Mootumaan Itiyoopiyaa gargaarsi namoomaa akka dhaqabu cicha qabaachuu isaa an simannu ta’us, hawaasi addunyaa, meeshaalee quunnamtii fi kan dhaaboliin gargaarsaa itti gargaaraman irra uggurri jiru akka ka’u akkasumas hojjettoota gargaarsaaf yeroo viisaa dheeressuu dabalatee cichawwan jedhame mara dammaqinaan akka horodofu qaba jedha. Hojjettoonni gargaarsaa sababaa walitti bu’iinsa sanaan lammiiwwan miidhaan irra ga’eef deggersa yeroo isaa eeggateef isaan barbaachisu akka ittiin ga’an daandiin saaqabuufii qaba. Furmaanni siyaasaa utuu hin argamin haalli namoomaa hammaataa adeema. Waraansi dhaabachuu, humnoonni Eertraa gamasii ba’uu fi mootummaan Itiyoopiyaa humnota naannoo Amaaraa gara Tigraayitti bobbaasuu dhaabuun dhaabuun tarkaanfii barbaachisaa isa duraa ti.
Waraansi dhaabachuu, humnoonni Eertraa gamasii ba’uu fi mootummaan Itiyoopiyaa humnota naannoo Amaaraa gara Tigraayitti bobbaasuu dhaabuun dhaabuun tarkaanfii barbaachisaa isa duraa ti. Humnoota ittisa biyyaa, humnoota TPLF, humnoota Eertraa ykn humnoota naannoo Amaaraas haa ta’an kanneen dhiittaa mirga namaa fi gocha suukaneessaa uumameef itti gaafatamoo ta’an martinu seeratti dhiyaachuu qabu. Yunaayitid Isteetisii fi hawaasi addunyaa mootummaan Itiyoopiyaa qorattoonni walabaa kan sadarkaa addunyaa fi biyya keessaa dararaa jiru qoratanii kanneen itti gaafatamoo ta’an akka adda baasan cicha gale kabajuu isaa itti dhiyeenyaan hordofaa jiru. Rakkoo kanaaf deebii kennuuf jecha gumaacha arjoomtota ka biroo simataa, kanneen biroo rakkoo Tigraay keessatti uumameef gargaarsa namoomaa hatattamaa akka kennan ni gaafanna jedha ibsi kun.
Prezidaant Baaydiin aangoo eega qabatanii as imallii diplomaasii kan sadarkaa olaanaa ennaa gaggeeffamu kun ka duraati.
Kiim akka jedhanitti See’olii fi Tookiyoon rakkoo Chaayinaa ilaalchisee jiru waliin furuu akkasumas andaara galaana Kooriyaatti nageenya buuduuf michoota murteesso dha jedhan.
Dubbi himaan miinistriin dhimma alaa Chaayinaa Zhaaoo Lijaan haleellaan dilbata darbe warshaalee Chaayinaa irratti raawwatame gocha qaanessaa dha jedhanii, Mayanamaar lammiiwwan Chaayinaa gamas jiraniif eegumsa gochuuf tarkaanfii barbaahisu ni fudhatti jennaa abdannaa jedhan.
Biyyootii guddatan qora argatana waliin gahuutti jiranii Afrikaan qorsa kana argattee qixeeffachuuf haga bara 2024 turuu fa dandeetti akka warrii qorate jedhetti.
Garuu, tarkaanfiileen isaanii hedduun, aangawoota mana-maree keessaa, kanneen walabummaa preesiif falmanii fi kanneen gochaalee seeraa-alaa saaxilaniin balaaleffatamaa ture.
Gabaasa Guutuu Caqasaa No media source currently available
Joe Biden Amerikaa dhugaan bulchuuf kakachuuf Pirez.,Tiraampi hujii fixatee Filooridaatti fa'atee godaanuuf barii lafaa eegachuutti jiran Joe Biden Amerikaa dhugaan bulchuuf kakachuuf Pirezidaantii Tiraampi Filooridaatti godaanuuf fa’achuuuf barii lafaa eegachuutti jiran Amerikaan,U.S.A Sadaasaa 3 pirezidaantii isii 46essoo,Joe Biden filattee. Akkuma amala amala isiitti nama filatte Ammajii 20 kakchiiftee mootummaa itti kennatti. Fulaa pirezidaantiin itti kakatu,U.S. Capitol, dallaa sibiilaa itti jaaranii waraanii kutaa Amerikaa akka akkaa keessaa dhufe kuma kunrya hedduu marsee eeguutti jira. Washington,DC teessoo mootummaa Amerikaa laftii diqqayyoon namii kuma 700 caalaan keessa jiraatu durii guyyaa akkanaa nama miliyoona hedduu simattu amma mirgaa bitaan marsanii xuphanneessanii gamuma cufaanuu cufanii jabuu eeguutti jiran. Diida ballaa Washington,DC,National Mall yaayyuu cufan.Karaan baabura lafa jala yaahuu cufaa,riqaan karaa gugurdaa irraa cufaa. Pirezidaantiin Amerikaa,Donaldi Tiraampi aadaa Amerikaa ganna 160 qabaachaa baate ka pirezidaantii nama isa moo’ee eebbisee itti gaafatama itti kennuu qophii gammachuu isaallee dhufuuf dhiisee,mana mootummaa Amerikaa,White House keessaa ganamaanuu Filooridaatti godaanuuf mi’a walti kurfoo jira.Itti aanaan isaa, Mike Pence ammoo qophii Joe Bidenitit mootummaa kennan tanatti dhufuu kurfoo jira. Manii maree Amerikaa torbaa dabre keessa Pirezidaanti Tiraampi warra isa deeggaru kongiressii Amerikaa lafa pirezidaantiin itti kakatee mootummaa itit kennan, U.S.keessatit nama duulchise jedhee ammallee himata impeachment jedhaniin himachuuf seera itti qixeeffachuutti jira. Yoo irratti walii galanii balleessaa itti muran, pirezidaanti Tiraampi lammeessoo pirezidaantummaallee dorgomuu hin dandahu waan hedduun adabuu dandahanillee.
Yoo irratti walii galanii balleessaa itti muran, pirezidaanti Tiraampi lammeessoo pirezidaantummaallee dorgomuu hin dandahu waan hedduun adabuu dandahanillee. Hujii fixate bahuun duratti pirezidaanti Tiraampi nama 100 tahu dhiifamaan hidhaa yaasuuf kurfoo jira.Guyyaa gammachuu pirezidaantii Amerikaa haaraa hujii itti kennanitti sirbituun Amerikaa hedduu itti yaaman. Warra qara yaman irratti ammallee Garth Brooks itti dabalan.Brooks sirba Country Music ykn Western music jedhan sirba Amerikaa aadaa fi amala hedduu walkaa sirbuun beekamu. Sirbituun guyyaa kanaa yaaman Lady Gaga and Jennifer Lopez faatilleen warra guyyaa kanatti yaaman.Bara Obaamaallee jarii kun yaayyuu dhufe Brooksi kun ammoo guyyaa gammachuu Tiraampiif sirbii jedhanii jennaan hujii dhibii harkaa qaba jedhee died. Sirbii innii sirbu "broken down, bare-bones stuff," wan gargar jige lafeelee goggodduu jedhuu fakkaata.Sirba isaan beekan "We Shall Be Free," ammoo hin sirbu. Joe Biden fi Kamala Harris, warrii pirezdaantummaa Amerikaatii filan lubbuu nama Amerikaa kuma 400 koronaan fixee ulfinnaa kenna hardha sagantaa tanaa jedhanii qopheessan keessa oolan. Qophii tana maatii ufii guurratanii hardha ibsee lubbuu jara dhumatee yaadachuuf qabsiisan 400 diida ballaa yaadannoo Abrham Linconif dhaaban lincolin Memorial dhaaba bira dhaqan.
Kontoraatii Meesiin Barseloonaa waliin qabu bara 2021 keessa dhumata.Achiin duubatti waan irraa fedhan baasee kilabii fedhetti galuu fa dandaha.
Ayyaana kana projektii tajaajiila hawaasaa ikan Kiing gaggeessaa turan irraitti hirmaachuun kan kabajamuu yoo ta'u barana garuu sababa weerara vaayrasii Koronaan kun hin ta'iin hafee jira.
Kunis Demookraatichi Joo Baaaydiin Amajjii 20 bara 2021 kakata prezidaantii biyyatti eega ta'anii booda illee labsiin kun hojii irra tura.
Pirezidaanti Tiraampii fi Joe Biden nama paartii isaanii fulaa bu’ee senetii tahuuf dorgomu deeggaruuf Joorjiyaa jiran Amerikaan Sadaasaa 3,2020 bulchoota isii filattee qixeeffatte.nBulchootii tun bulchoota naannoo, miseensa mana marii fi Senetiilleen keessuma jira. Warra kutaa Joorjiyaatti senetii irratti wal dorgome ammoo wal moo’uu hin dandeenne ammallee Ammajii 5,2021 walti deebis%an. Warrii amma walti hafe David Perdue(R) fi Jon Ossoff(D).Akka seera kutaa Joorjiyaatti warri wal dorgomu abbaa %50 argatetti moo’a.Akka kanaan filannoo Sadaasaa Sadiitti Perdue %49.7 Ossoff ammoo %47.9 argate. Perdue nama Demokiraati Michelle Nunn bara 2014 keessa %53 fi %45 moo’ee filame. Ossof bara 2017 irratti miseensa mana marii Amerikaa tahuuf nama paartii Rippaabilikaan waliin dorgome akkanuma irra deebi’anii dorgomsiisanii moo’ame. Tiraampii fi Joe Biden nama paartii isaanii fulaa bu’ee dorgomuu hayyuma dhawachuu ykn deeggaruuf Joorjiyaa jiran. Pirezidaanti Tiraampi dorgommii pirezidaantummaa irratti kutaa Joorjiyaatit hin moone. Akka bulchiinsii kutaa sunii filannoo innii sun qajeelchaniif bilbilaan gaafatee dhossaan sun addunyaatti gadi baate. Isaa akkana gaafachuutti jiru bilbilaan waraabnii gadi baasan.Pirezidaantiin filannoo isaa fi paartii isaa moohamte akka seera dabsani moohachiisan gaafachuun seeraa alaati. Namii Tiraampi waan kana dhossaan gaafate itti gaafamtaa filannoo kutaa Joorjiyaa,Brad Raffensperger. Akkana jedheen“Ilaa ilaali tana wannii ani fedhu.Nama 11 ,780n nu caalan. Ta hagasii naa barbaadi.Maan jennaan achitti nutti moo’e,” isa jedhuu bilbilaan waraaban.
Namii innii akkana jedhuun kun nama paartii isaaa Rippaabilikaan. Oduun tun Washington Post irraa gadi baate. Tiraampi ammoo gaafatamaa damee haajaa alaa godina suniii Brad Raffensperger akka waan filannoo Joorjiyaa seera hin guutinii wal haasomne waan ani gaafadhe deebisuu hin feene ykn ammo hin dandeenne jedhe. Maqaa dharaatiin filatan,nama du’e jiraa fakkeessanii filan jedhe. Pirezidaanti Tiraampi filannoon pirezidaantummaa Amerikaa ta baranaa seera filannoo hin guunne jedhullee manii murti ammoo irraa hin fudhanne. Woma taateefuu pirezidaanti Tiraampii fi namii filannoo pirezidaantummaa Amerikaa moohatee labsaniif Joe Baayden nama paartii isaanii fulaa bu’eek kutaa Joorjiyaatti senterii Amerikaa tahuuf dorogmuutti achi jiran warra waan hedduun eegatan. Nama afuritti wal dorgomuutti jira.Paarii lachuu keesssaa lama lama.Paartiin senetii Amerikaa moote mootummaa gama hedduu harkatti deebifatti. Pirezidanti Tiraampi dira Dalton dhaqe akka ummtii bahee nama warra paartii isaa keessaa dorgomu David Perdue fi Kelly Loeffler filatu jajjabeessaaf. Joe Baayden ammoo Atlaantaatti dabree nama paartii isaa keessaa dorgomu,Jon Ossoff fi paasterii mana amantii kiristaanaa Raphael Warnock ummatii bahee filatu jajjabeessuutti jira. Kongireesiin Amerikaa Ammajii jaha nama pirezidaantummaa Amerikaa moo’ate warqata raga kenna. Paartii isaa Rippaabilikaan keessaa miseenostii mana marii 100 caalan fi seneterootii kurnya tahan haga wannii cuftii qoratamtutti akka ragaa kana Joo Baaydenii hin kennine fedhan. Dhaabii fiannoo Amerikaa tohatu Electoral College Muddee keessa filannoon pirezidaantummaa Amerikaa seeruma filannoon deemtee Joe Bidenitti filannoo moo’e jedhee raga kenneefii. Baayden torbaan lama keesatti kakatee pirezidaantii Amerikaa 46essoo tahee hujii jalqabuuf kurfoo jira.
Baayden torbaan lama keesatti kakatee pirezidaantii Amerikaa 46essoo tahee hujii jalqabuuf kurfoo jira. Haataatuutii ammoo seenaa filannoo Amerikaa ganna 245 keesatti Tiraampi waliin pirezidaanti 5tti ganna 4 qofa bulche moohame jedhaniin. Ministerootii waraana Amerikaa ta durii 10 jedhanitti filannoon Ameikaa seera filannoo hin guunne jedhanii humna waraanaatiin filannoo jjiiruuf yaaduun waan hin fakkaanne jedhanii morman. Itti gaafatamtootii tun paartii Rippaabilikaanii fi Demokiraati ka durii barreeffama maqaa isaaniillee iratti barreessanii gaazexaa irratti baasan.Filannoo jijjiiruuf humna waranaa itti fayyadamuuf deemuun biyya afaan balaa buusa jedhan.
Joe Biden U.S. bulchuuf kaabinee qixeeffachaa Ammajii 20 eegachuutti jira taatullee koronaafuu namii heddun qophi sun TVn daawwata fakkaata No media source currently available Joe Biden,itti aanaan pirezidaantii Amerikaa bara Obaamaa ka durii pirezidaantii Amerikaa 46essoo tahuuf bulchoota itti qixeeffatee mootummaa yayyabachuutti jira. Ammajii 20 ammoo byya duratti bahee katee biyya bulchuutti dabra. Akka amala Amerikaatti namii biyya bulchu Capitol ykn bulchiinsa mana maree Amerikaa duratti gumuu duratti bahee kakata yoo innii kakatu sun pirezidaantiin durii saatuma suniitti xuyyuuraan DC keessaa gara mana isaa haaraatti godaana. Pirezidaantiin filame sun Capitol kahee haga White House,manaa fi biiroo pirezidaantii Amerikaa haga karaa km 3.7 miilaan karaa Pennsylvania jedhan irra deemaa biiroo seena. Mirgaa fi bitaan marsii gammadaniif. Guyyaa gammachuu isaa Inaguration irratti koronaafuu jedhanii namii akka durii hin dhufu.Biden amma kaabinee qixeeffachuutti jira. Kaabineen tiyya akkuma biyya isaa wal makaa jedha. “Addunyaa dura deemuuf malee duuba deemuufii mitii kuno kurfoo jirra.Nyaapha keennallee ufi rraa fafallaadaa durumatti yaana jaallawwan teenna ammo achi ufi irraa hin qamnu.Eennuu akka taane ammo oli kaanee himanna,” jedhe. Guyyaa gammachuu pirezidaantii haaraa baranaa koronaan nama kuma hedduu dhufuu dhowwuu dandaha.Baaydeniin guyyaan gammchuu teetii sun maan fakkaata seera jennaan “waan guyyaa sun fakkaatu walumaan ilaalla,” jedha. Lara Brown yuniverstii GW daarktera bulchiinsa Siyaasati.“Wannii Joe Baaden kakatee hujii jalaqabuu dhowwaa hin jirtu .Wannii guyyaa gammachuu isaa sun irratti dubbachuu dhowwaa keessammoota isaatiin walti Capitol keessatti walti dhufuu dhowwaa hin jirtu. Akka jecha Laaraatti barana barcumsaa duwwaa hedduu arguu hin oolan.
Kornaa kanaaf jedhanii maaskii naqatan malee qophii gammachuu sunitti hin dhaqinaa jechuu hin oolan.Guyyaa gamamchuun pirezidaantii haaraa qopheessan guddoo amma kornaanuu irra anama hambsi.Tun Baaydenillee mirkana. “Keessummootaa akka malee hedduu waan qabaadhu hin sehu karaa guddaa Pensilveeniyaa irra nama hedduu ejaajjee nama simatu waan qabaadhu hin sehu.Namii waan tahaa TV daawata seha,”jedhe. Baayden mootummaa Tiraampi irraa bulchiinsa fuudhuuf deema.Mootummaan Tiraampi bara isaatti horii Tokkummaa Mootmmootaatiin gargaaru doolara miliyoona dhibba hedduu irraa cire. Horii Tokkummaan Mootummootaa qollee fi haawwanii fi ijoollee Paalistaayiniin gargaaran kennuu dide.Mootummaan Tiraampi biyya isaa Waldaa Fayyaa Addunyaa,WHO keessaa baafate.Baaydeniin dhfuutit jiru kun ammo waan Tiraampi didiige hedduu deebisuu dandaha. Akka jecha ogeeyyotaatti Itti guddaa Tokkummaa Mootummootaa,Antooniyoo Guteres bulchiisa Baaydeniin waan hedduu irratti walii galuu hin dhabu.Richard Gowan, Tokkummaa Mootummootaatti daarektera garee balaa adudnyaa,Criis Group jedhaniiti. “Akka ani sehutti Guters karaa jijjiirama qilleensaatiin wayyeessuu dandahu, fi namuu waan isa malee argachuu dadahuu jedhee garaa ballatee waan hedduu hojjachuu halchee,karoora baafachuu hin oolu.Akka durii kaan Tiraampi dallanuu dhowwaa jedhee waan hojjachuu fedhu irraa ufi hin qabu amma akka addunyaan waan hedduu irratti wal gargaaran,karoora qaba fakkaata.” Bulchiinsii Baayden kun waan armaan duratti adudnyaa hujii nukileera Iraan iratti walii galtee bulchiinsii Tiraampi keessaa bahe sunitti deebihuu fi dhibaahuun waan isaan ilaan keessaa tokko. Randa Silim dhaaba barnootaa Middle East Inisiute jedhanitti ogeessa “Namii pirezidaantummaa filatan kun walii galtee suntti deebihuu fi dhibaahcuun murti jabduutti isa eegata.Iraan seera jabaa bara 2015 irratti walii galan suniin deemtee jennaan US seera addunyaan fudhatte sunitti hin deebiti.Taatullee irrumatti ilaallachaa deemti.” Akka jecha daarektea garee Crisis Group, Richa Gowanitti, Biden Chaayinaa waan hedduu keessaa mumulatti tanatit hin lakkisu fakkaata.
Randa Silim dhaaba barnootaa Middle East Inisiute jedhanitti ogeessa “Namii pirezidaantummaa filatan kun walii galtee suntti deebihuu fi dhibaahcuun murti jabduutti isa eegata.Iraan seera jabaa bara 2015 irratti walii galan suniin deemtee jennaan US seera addunyaan fudhatte sunitti hin deebiti.Taatullee irrumatti ilaallachaa deemti.” Akka jecha daarektea garee Crisis Group, Richa Gowanitti, Biden Chaayinaa waan hedduu keessaa mumulatti tanatit hin lakkisu fakkaata. Joe Baayden butii 43 keessatti pirezidaantii Amerikaa tahee kakatee hujii jalabuuf eegachuutti jira.Hamtuu fi toltuu karaa mootummaan isaa irra deemuu fi hagam Tokkummaa Mootummootaa waliin deemuu akak dandahulle ufuma irartti caqasaa deema.
Xaaliyaanii, Ferensaayii fi magaalaaleen Briteen weerara lammataa vaayiresii kanaa ittisuuf uggura sochii haaraa kaa’aa kan jiran yoo ta’u, magaalaan Awustiraaliyaa Melborn immoo qalbii dhaan uggura cimaa baatilee sadii laaffisaa jiarti.
CDCn akka jedhetti Bitootessa 1 hanga Fulbaana 29 yeroo jiru keessatti namoota doondii bishaan Yunaayitid Isteetis irra deemu keessa turan 3,689 COVID-19n yoo qabaman 41 immoo du’aniiru.
Waa’ee gabaasa Sanaa gaafatamaniis oduu kijibaa ti jedhan.
No media source currently available
Akka jecha isaanti lubbuu namoota hedduu du'a irraa oolchuuf malee.
Yoo yaaliin kun milkaa’e kampaniin Modernaa talaalliiwwan doosii miliyoona 500 waggaatti kan oomishu yoo ta’u bara 2021tti immoo waggaatti doosii biliyoona tokko oomishuu mala jedhanii kan abdatan ta’uu dubbatan.
Kana malees Yunivarsitii wal'ansa fayyaa kan humna qilleensa Chaayinaa keessa qorattuu ta;uun hojjachuu ishee odeeffannoo argatan
Amerikaatti bulchoota Poortilaandii fi bulchiinsii Tiraampi waraana federalaa godina sunitti erguu fi erguu dhabuu irratti waldhaban Eegii Minisootaatti nama gurraacha George Floyd harka poolisi adiitti lubbu dhabee jedhanii namii hiriiraa mormiiti karaatti baafatee amma ji’a lammeessoo keessa jiran. Warrii godina ykn state Portland ammallee hin gallee Amerikaatti bifa gogaatiin namna jibbuu hafuu malte jedhanii himachuutti jiran. Hiriirii Portland waan banaa fi bobbaa dhowwate.Hiriira kana irratti poolisii fi warrii hiriir bahe wal dhabaa yaahuutti jira. Pirezidaanti Tiraampi hiriira humnaa namaatii oli bahe waraana federaalaatii lafa nagaati deebisaan itti jira. Waraanii kun nama hiriira bahe qabee hidhuutti jira. Paartiin Demokiraati waraanii nama hiriira nagaa bahe qabame hurrisee Portland keessaa baasu fedhan. Taatullee bulchiinsi Tiraampi magaallan Amerikaa hagii tokko bulchoota harkaa bahuutti jiran jedhee waraana itti erge. Hiriira mormii dhiyoo tana Poortaalnditti bahan waan hedduun himan. Namii dallanee makiinaa caaccabsee,buufata poolisii caaccabsee gubee,kaan ammoo wa saamee woma hedduutti tahe. Paartiin Demokiraati warra nagumaan hiriira bahee rakkoo himate qabauun seera male jedhanii iyyuufiitti jiran. Pirezidaanti Tiraamoi ammoo poolisii hujii dansaatti jiran jedhee mormeef. “Warra lafa eegu guddaa achitti ergina tana mirkansee isanti hima.Jarii kun Poortlaanditti hujii dansaa hojjate.” Bulchootii naannoo ammoo waraana federalaa hin fedhanii hin barbaadanillee. "Asi dhufiitii teessan hin barbaadanii hin fedhanillee.” Akka bulchaan Poortilaandi jedhetti waraana federaalaatii nagaan bahanii galuu nama dhowwuutti jira.”Tun namuma gaazii ibiddatti naqe fakkaati.” Hiriira guyyaa dheengadda asun irratti haawwan wal yaamanii harka wal qabatanii akka poolisiin hin tundhe warra hiriira bahu marsanii eegaa turan.
"Asi dhufiitii teessan hin barbaadanii hin fedhanillee.” Akka bulchaan Poortilaandi jedhetti waraana federaalaatii nagaan bahanii galuu nama dhowwuutti jira.”Tun namuma gaazii ibiddatti naqe fakkaati.” Hiriira guyyaa dheengadda asun irratti haawwan wal yaamanii harka wal qabatanii akka poolisiin hin tundhe warra hiriira bahu marsanii eegaa turan. Paartii Demokiraati keessaa miseensii mana marii Ameriaa Rashida Tlaib akka pirezidaanti Tiraampi godina isiitti waraana Amerikaa hin ergine Twitter irratti gaafatte. Tiraampi jeequmsa USA keessaa mumullatu waraanaan dhaabsisa jedhullee paartileen demokriaati godinii godina namii isaanii bulchu ufumaan bulchuu fedhan. Warrii amantii akka laftii nagaa taatu hiriira bahuuf kurfoo jira. Bulchiinsi Poorltiland, Orgeon dhaabbilee waranaa Amerikaa nagaa dhowwan jedhan himachuf kurfoo jira. Eegii George Floyd ijjeesanii asi Amerikaatti namaii bahee rakkoo himachumatti jira. .
No media source currently available
Kan waggootaaf qorannaa Koongiresii Yunaayitid Isteetsii fi qorannaa uummataa irraa galmeelee maallaqa isaanii dhorkanii turan - prezidaant Traampiif murtiin wal-makon kun haga tokko akka mo’amuu ti, jedhama.
Ammas irra deebi’uu dhaan Yunaayitid Istetis waliin kallattiin gad teenyee dubbachuuf fedha tokko iyyuu hin qabnu jechuu dhaan angawaa ministrii dhimmi alaa Kooriyaa kaabaa kan ta’an Kwon Jong Gun dubbataniiru.
Kanneen duula filmaata Traamp keessa jiran uummanni kuma 12 meeshaa sakata'iinsaa keessa darbuu seenuu isaanii beekna jedhu.
Kunis namoonni 50 ta'an walitti qabamuu danda'uu ka jedhu.Suqilee manneen nyaataa, bakka amantii fi kannen biroo 100 keessaa harka 50 banamuuf jira jedhu.
Hangi tokko waan barbaadan illee hin beekan, garuu kan isaan barbaadan kana jedhan Tramp.
Kunis baatii Amajjii darbee weerarri dhukkuba Koviid Chaayinaa keessatti ueroo ka'e ta'uun ibsamee jira.
Yunaayitid Isteetis Uggurri Imalaa Brazil Irra keesse Har’aa Qabee Hojii Irra Oola Faca’in vaayiresii Koronaa ittisuuf jecha uggurri imalaa Brazilitti geggeessamu har’aa qabee hojii irra kan oolu ta’uun ibsamee jira, kunis kana dura kan White House beeksise guyyaa lama achii as siqee jira. Angawoonni guyyaan uggura kanaa kamisa irraa gara Kibxataatti achi as siquu isaaf sababaa addaa hin kennine. Uggurri kun namoota biyyootii alaa guyyoota 14 dura gara Brazilitti imalanii turanis ni dabalata. Angawoonni eegumsa fayyaa akka jedhanitti nama COVID-19n qabame guyyaa qabamee kaasee mallattoon dhukkubaa utuu irratti hin mul’atin guyyoota 14f tura. Statistics-n Yuniversitii Joons Hopkins biraa ba’e akka mul’isutti Brazil Biyya vaayiresiin koronaa keessatti hammaati ishee haaraa ta’uu beeksisee jira. Ministriin eegumsa fayyaa Brazil Wixata kaleessaa akka jedhetti sa’aatilee 24n darban keessatti namoota 807tu sababa COVID-19n du’an. US keessaa guyyooa tokkootti namoota 620tu du’an. White House akka beeksisetti uggurri kun namoonni biyyootii alaa kanneen Brazilitti imalanii turan biyya keenya keessatti madda faca’ina vaayiresii itti dabalaa akka hin taaneef gargaara jedhee jira. Prezidaant Doonaald Traamp Chaayinaa, Iraan, Briteen, Ireland fi biyyoota Awrooppaa 26 irra uggura imalaa kaa’uun ni yaadatma. Hoogganaan Jarmayaan fayyaa addnunyaa kaleessa akka jedhetti angawoonni qorannaa geggeessaa ennaa jiran kanatti dawaan farra dhibee busaa hydroxychloroquine jedhamu akka hin fayyadamne beeksisanii jiran. Teedroos Adhaanoom gaazixaa Lancet jedhamu kan barreessaan qorannaa maxxanfamee lakkoobsi namoota COVID-19n qabamaniif dawaa kana fudhatanii du’anii hedduu ta’uu tuqanii jiran.
Teedroos Adhaanoom gaazixaa Lancet jedhamu kan barreessaan qorannaa maxxanfamee lakkoobsi namoota COVID-19n qabamaniif dawaa kana fudhatanii du’anii hedduu ta’uu tuqanii jiran. Dawaan kun nnamoota dhibee busaan qabaman, ykn dandeettii dhukkuba ofi irraa ittisuu hin qabaanne qofaaf kennama jechuun cimsanii yaadachiisaniiru. Saud Arabiyaan dilbata kaleessaa qabee uggura imalaa biyya keessaa, sagada masgiidatti geggeessamuu fi maneen nyaataa fi kaaffee dabalatee ajaja akka cufamuuf keesse laaffistee jirti. Ibsi dhaabbata oduu biyyattiin kenname akka jedhutti uggurri martinuu magaalaa Makkaa irraan 9kan hafe Waxabajjii 21 qabee dhumata. Saaudii keessaa namoota 75,000tu vaayiresii koronaan qabaman. Muummichi ministeeraa Briteen Boris Jonson biilsaalee alatti gabaan geggeessamu Waxabajjii 1 qabee akka banamu kan kanroorsan yoo ta’u suuqileen immoo Waxabajjii 15 qabee akka banaman beeksisaniiru. Of eeggannoo godhachuu dhaan balaan weerarri vaayiresii kanaa deebisee akka hin kaana bifa ittisuun ta’uun barbaachisaa dha jedhan.
Lakkoobsi namoota Vaayirasii Koronaatiin lubbuu dhabanii, kan Ameerikaa Addunyaa irratti isa ol’aanaa yoo tahu, akka Ministiriin Dhimma Gadamoojjiilee waraanaa jedhetti, lakkoobsa kana keessaa gada-moojjiileen waraanaa biyyattii kuma tokkoo oli.
Miseensonni biyyoota G-7 martinuu vaayiresiin koronaa akka hin facaane ittisuuf uggura kaa’ame kaasuu jalqabanii jiru.
Kana gochuun faca'iina vaayrasichaa hanqisa jedhan.Kanaaf gargaarsa addunyaa gaafanne jedhan Gutarres.
Kilinikiin dubartoota ulfaa sun Ferensaay keessa kan maadheffate garee Doktors Without Bordersn kan geggeeffamu yoo ta’u naannoo Kabuul gama dhiyaatti argamu kana keessa irra hedduu miseensota sabxiqqaalee Hazara warra Shiaatu keessa jiraata.
Angawoonni Ameerikaa Akeekkachiisa Vaayiresii Koornaa Maal Na Dhibdeen Bira Darban: Kanneen Odeeffannoo Himataa Dhiyeessan Hayyuun saayinisii gameessi kan mootummaa Yunaayitid Isteetis tokko angawoonni COVID 19tti duuluuf wixinee saayinsiin qoratame dhiyeessuu kootiin narratti fuuleffatan jechuun komee dhiyeessan ilaalchisee kongresii duratti dhiyaachuun dhaga ba’umsa kennuuf jiru. Miseensi mana maree bakka bu’ootaa Anna Eshoo akka jedhanitti komee Dr. Rick Bright dhieessan mootumman Tramp weerara vaayiresii koronaaf deebii kennuuf akka inni itti hojjete yaaddoo guddaa uumuu isaa kan ibsu yoo ta’u, ministeera tajaajila eegumsa fayyaa Alex Azaar fi itti aanaa ministeera dursanii qophaa’uu fi deebii kennuu Roobert Kaadlek biraas dhug ba’umsa dhaga’uu akka barbaadan ibsan. Himannaan dhiyaate sun bulchiinsichi ennaa weerara kanaa fayyummaa lammiiwwan Ameerikaa eeguu irra namoota dhuunfaaf baabsuuf falmuufii durse jedha. Himannaan Dr. Braayits xiinxalamuutu irra jiraata jejdhan Eshoo-n. Braayit akka jedhaniyyi Kaadleek kutaan isanii kan qorannaa dawaalee geggeessu, dawaa saayinisiin hin mirkanoofne kan akka hydroxychloroquine jedhamu irratti maallaqi akka ba’u dhiibbaa na irra kaa’an jedhan. Dr. Braayit uummata dawaa summii keemikaalaa qabu kan tajaajilli eegumsa fayyaa dhiibbaa prezidaant Traampiin wal’aansaaf amansiisaa akka ta’etti hime uummataaf akka hin dhiyaanne ittisuuf humna akka hin qabaannetu natti dhaga’ama jedhan jedha himannaan sun. innumaa iyyuu lammiiwwan ameerikaa dawaa dhukkubsattoota COVID-19 gargaaruu isaaf ragaa saayinsii ga’aan hin deggeramne irratti odeeffannoo akka argatan na ariifachiisan jedhan. Hayyoonni VOAf akka ibsanitti vaayiresii koronaaaf wal’aansa arguun saayinsii irratti hundaa’uu qabaa dawaan argames yaalii kilinikaa keessa ka darbuuf sababaa qaba jedhu.
Hayyoonni VOAf akka ibsanitti vaayiresii koronaaaf wal’aansa arguun saayinsii irratti hundaa’uu qabaa dawaan argames yaalii kilinikaa keessa ka darbuuf sababaa qaba jedhu. Tajaajilli eegumsa fayyaa Ameerikaa Dr. Braayit weerarri kun utuma hin faca’in jalqabarratti daddaaffii dhaan talaallii qopheessuu, maaskii, ventileeterii fi meeshaaleen qorannoo ittiin geggeessan irratti investii akka ta’u dhiibbaa gochuu isaaniif angawootaan qeeqi irratti dhiyaate jedha himannaan odeeffannoo ba’ee kun.
White House Hojii Gurmuu Duula Vaayiresii Koronaatti Duuluuf Hundaa’e Kan Dhaabu Ta’uu Beeksise Enna lakkoobsi namoota vaayiresii koronaan haaraa qabaman dabaaa deemee guyyaatti kuma 20 ol ta’ee jiruu fi guyyaa guyyaan namoonni kuma tokkoo hanga kuma lamaa du’aa jiran kanatti White Housee hojii gurmuu dhimma koronaatti duuluu qindeessu ji’a tokko keessatti kan cufu ta’uu beeksise. Itti aanaa prezidaant Mike Pence akka jedhanitti bulchiinsichi xumura baatii Caamsaa ykn jalqaba baatii Waxabajjiitti bulchiinsa dhimma kana qindeessu kan biyyoolessaa gurmuu kana irraa gara jaarmolii federaalaatti dabarsuuf jira jedhan. Sochiin kunis akka biyyaatti fooya’ina guddaa nuti agarsiifne mul’isa jedhan Akkuman duraan jedhe jedhan Pence wal hirraa hiiqinsa hawaasummaa itti fufnee karoorri dinagdee deebisanii baanuus bifa iti gaafatamummaaf of eeggannoo qabuun ta’a jedhan Kan Trampiin yeroo hedduu qeeqanii fi bara 2014 ennaa bulchiinsa prezidaantii duraanii Baraak Obaamaa dhibee Eeboolaa Afriikaa dhiyaatti duuluuf gurmuu hundaa’e hoogganaa turan Ronald Klain, karoora bulchiinsichatti walii hin galan. Qindeessa duula Eboolaa hoogganuu kan ani dhiise ennaa torbanitti namoonni shan qabamaa turanitti jedhan. University Washingon waaltaa eegumsa fayyaaf prefosora kan ta’an Alii Mokdaad utuu itti gaafatama irra jiraatanii grumuu koronaatti duuluttin fuuleffadha male hin dhabamsiisu jedhan. Waaltaan Eegumsa fayyaa qoratu kan Washington Seatle akka tilmaametti US keessaa hanga jalqaba baatii Hagayyaatti namonin kuma 135,000 du’uu malu. Lakkoobsi kunis kutaalee US 30 keessaa sababaa namoonni manaa ba’uun eeyamamuu irratti hundaa’ee ti jedhan US keessaa namoonni miliyoonni 1.2 vaayirsii koronaan yoo qabaman kanneen kuma 71 ol ta’an du’aniiru.. Weerarri vaayiresii koronaa dinagdee guutuu addunyaa laamshessee jira.
Lakkoobsi kunis kutaalee US 30 keessaa sababaa namoonni manaa ba’uun eeyamamuu irratti hundaa’ee ti jedhan US keessaa namoonni miliyoonni 1.2 vaayirsii koronaan yoo qabaman kanneen kuma 71 ol ta’an du’aniiru.. Weerarri vaayiresii koronaa dinagdee guutuu addunyaa laamshessee jira. Angawoonnii Awrooppaa walumaa gala utuu namoota manaa ba’uu utuu hin eeyamin dura lakkoobsi namoota vaayiresii kanaan qabamanii hanga gad xiqqaatutti eegaa turan.
No media source currently available
Kaayyoon keenya dhukaasa dhaabsisuu otoo hin taanee karaa itti gargaarsa dhala namaa dhaqqabsisuu dandeenyu karaa banuuf jechuun Gutarrees dubbatanii jiru
Kutaaleen US 30 Washington DC dabalatee yoo barbaachise malee uummati manaa akka hin baane ajajaniiru.
Sagantaa meeeshaa Nukleera Iraan irratti Amerikaan ugguura kaa'uun ishee ni yaadatama.
No media source currently available
Oloompikiin Tookiyoo ta ji’a jahaan duubatti dorgomanillee yoo akkuma kanatti deeman hafuu fa dandeetti akka jedhanitti.
Dilbata kaleessaa Filiphiinsii lammiin ishee tokko yeroo jalqabaaf vaaayrasii kanaan du’uu beeksiiftee jirti.
Hindii fi Filippiins illee vaayresiin kun biyya isaanii keessatti argamuu beeksisanii Austraaliyaa, Kanada, Fiinlaand, Jarmaniii, Hong Kong, Jaappaan, Neeppaal, Singaapoore, Kooriyaa Kibbaa, Taayilaand, Tokkummaa Imretora Arabaa Veetnaam illee vaayresiin kun biyya isaanii keessatti argamuu gabaasanii jiran.
Naayjeriyaan biyya Afrikaa keessatti dinagdee guddaa qabduu fi duula shoroorkeessoota irratti gaggeeffamuun michuu Amerikaa kan turtee akkasumas lammiwwan ishee hedduun Ameerikaa keessa jiraachuun beekamu.
Kunis aangawoota koree birkii kan mana marii Yunaaytid Isteetesiin qorannaa gaggeeffame irratti dhiyaachuuf gaafatanii Waayit Hawusiin dhorkaman of keessaa qaba.
Irra hedduun jarreen kanaa magaaluuma namonni 6 keessatti du’an sana keessa jiraatu.
Prezidaantiin Amerikaa Traam akka jedhanti biyyi alaa gidduu seenuun kun haala Libiyaa keessaa wal xaxaa taasisee jechuun isaanii aangawaan waayit Hawuus Hogan Gidley dubbatanii jiru.
Haleellaan Amerikaa kun haleellaa Iraan gara fuula duraatti gaggeessuuf karoorfatte dhaabuuf kan fudhatame jedhamee jira.
Barii roobaa fi nagaa jenne.
Bubbeen Hayaan jedhamu Sadaasa bara 2013 keessa namoota kuma ja’aa ol galaafate.
No media source currently available
Paartiin isaaniis mana maree keessaa bakka irra jireessa argachuun adda ba’uu Briteen hanga xumura baatii Amajjii dhufuutti akka xumuramu dhiibbaa gochuuf kan isaan dandeessisu ta’uu muummichi ministeerichaa dubbataniiru.
No media source currently available
Kan Traampiif baabsan miseensi mana maree Devin Nunes akka jedhanitti dhuga ba’umsi kun agarsiisa tiyaatraa TV irratti dhiyaate kan adeemsa aangoo irraa kaasuuf yakka nama irra barbaaduu ti jedhan.
Amerikaan senetii Senetiin ganna 6 hojjataa mana maree ammo ganna lama lamatti filan.
Kunis Demookraaticha abbaa alangaa kutaa Sanaa Andy Beshear ilma bulchaa Kentaakii duraanii wajjiin wal dorgomu.
Namoonni kun sadan waraana waraana Zawiiyaa kan Liibiyaa keessa kan ture mooraa koolu galtootaa hoogganaa turan.
Dho’iinsi dun konkolaataa hedduu fi suuqilee naannoo jiran mancaasee jira.
Prezidaant Doonaald Traamp waardiyaalee andaara galaanaa tattaaffii baraarsaa deggeruuf erganii jiran.Humni galaanaa Briteen, waldaan fannoo diimaa fi tokkummaan mootummootaa midhaan nyaataa, dawaa fi gargaarsa barbaachisu ka biroo hatattamaan gamasitti ergaa jiran.
Marii kana kan ilaaleen gad fageenyaan kan ibsame kan hin jirre yoo ta’u araar ta’an Amerikaa Zalmay Khalilzad hin dubbanne.
Ministriin ittisaa kan Amerikaa Robii galgala waa’ee walii galtee kanaa akka ibseeti tarkaanfii akkaan barbaachisaa ta’u fi hojii dabalataa hojjatamuu akka qabu hubachiise.
Umriin isaanii 62 kan ta’e prezidaantiin duraanii kun bara 2011 hanga 2017yeroo waajiira qabatanii yeroo turanti aangoo ofii gargaaramuun yakka gosa shan qabu hojjatan himannaa jedhutu irratti dhiyaata.
Suraaleen TV Afgaanistan biilsaalee hedduun guutummaan manca’uu isaani mul’ise.
Taajjadoonni muddamni boba’aa Washington waliin jiru gad caba jedhanii jkan abdatan yoo ta’u, tarii immoo sharara irratti waraanni jiru illee ka’uu mala jedhan.
US fi Nezerlanditti Waancaa Kubbaa Miilaa Nadheen Addunyaatiif Walti Mare, Jarii Lachuu Warra Itti Qajele Qaqaarisee Biraa Yaa'e US fi Nezerlaandis iftaan waancaaf taphatan jarii lachuu tapha barana kana takkuma hin moohamne Amerikaa fi Awurooppaatti walti hafe. Dorgommii Waancaa Kubbaa Miilaa Nadheen Addunyaa baar 2019 biyya 24 jalqabee amma Amerikaa fi Nezerlaandisitti walti hafe. Jarii kun iftaan Faransaay,Lyon keessatti tapahta.US tana waliin marroo afur waancaaf taphatte. Nezerlaandis dorgommii dhiiraatiin guddoo beekamtullee baruma kana dorgommii nadheeniitii waancaaf dabarte. Dhiirtii kubbaa miilaa Nezerlaandis bara 2017 Waancaa Awurooppaa mootee, jarii kunillee sun mataan qaabachaa taphata. Taphattuun Amerikaa beekamtuu goolii hedduu galchite,Megan Rapinoe tapha iftaan kana keessa jiraachuu hin ooltu. Taphii kun Nezerlaanidiif nama gaara dhiibe taha ka jedhulleen hedduu. Kubbaa miilaa Amerikaa Jill Ellis-ti leenjisa. Warra barana waliin taphatte cufa ufuma duraa fuutee asiin geette: Amerikaa Taaylaani (13-0), Chile (3-0), Sweden (2-0), Spain (2-1) Faransaay (2-1) fi England (2-1) moote asi geette.US barana marroo 12 taphattee cufaa hinuma moote. Nezerlaandis: Isiilleen akkuma Amerikaa barana kana takkuma hin moohamne. Jappaan,Siwiidin qaqaariftee abdiin asi geettee walumattuu barana goolii 11 galfatte. Isiin warra itti qajeelte akkana tolchite: New Zilaandi (1-0), Kaameruun (3-1), Kanaadaa (2-1), Japan (2-1), Xaliyaana (2-0), Siwiidn (1-0). Warrii Nezerlaandii taphatu 23n ganna 26 ykn sunii gadi.
Warrii Nezerlaandii taphatu 23n ganna 26 ykn sunii gadi. Taatullee barana lama qofa dorgommii waancaa addunyaatii dabran. US: Ijoolleen Amerikaa hedduun ammoo dorgommii akkanaa marroo lama ykn haga sadii taphatan. Taphattootii isii namii haga jahaa nama ganna 30 oli;Heath, Rapinoe fi Morgan Adoolessa 2,ganna 30 taate. Hagooroo fi kahimatti waliin taphata.Hagooriitti makuma nama guddaatiin moo’a jechuutti jira namii hedduun.
Wal arguun isaanii kun daqiiqaa lamaaf qofa ta’u Traamp Sambata darbee dubbatan.
Humnootiin addaa kan Afgaanistaan sana booda dhaqqabanii haala jiru tasgabbeessaa jiru.
KorIyaa kaabaaf marii isheen Yunaaytid Isteetes waliin gaggeessituutti akka deebi karaa kan sirreesuuf yoo ta’u Chaayinaaf garu dhimmi Nukleera Koriyaa Kaabaa irratti dhiibbaa geeesisuu dandeessu kan calaqiisu ta’a jedhan xinxaltonni.
Gadamoojjiiwwan waraanaa 25, waardiyaalee 25 fi hojjettoota balalii ja’a waliin imalla jedhan
Gabaasa guutuu caqasaa No media source currently available
Waajjira isaanii fuulleettti duruu hojjettoonni paartichaa sirbaa, alaabaa mirmirsaa,gammachuu isaanii ibsaa jiran.
Yaada irratti cichitoonni garu seerri kun akka fudhatama hin arganneef baatilee hedduuf carraaqaa kan turan yoo ta’u sagalee barbaachisu hin argatiin hafuun milkaa’iina dhaban.
Chaayinaanis gama isheetiin tarkaanfii fudhatteen dilaala dhibba irraa harka 25 oomisha Ameerikaa kan biliyoona 60 baasu irra keesseetti.
Chaayinaan dhibbaa alaaf faccisuu hin dadhabdu kan jedhu ministriin danta aalaaa biyyatti mirgaa fi fedhii keenya kabajsisuuf murannoo fi dandeetti qabna jedhan.Yunaaytid Isteetes gama isheeti waan irraa eegamu ni gooti abdii jedhu qabna jedhan.
No media source currently available
Gama kaaniin ammoo namii hedduu Asaangee dabaan hidhan jedhee falmuufiitti jira.
Kunis Hindiin paakistaan irratti tarkaanfii waraanaa fudhachuuf sababaa hin ta’u jedhu Khan.
Komeen dhiyaatees gochii prezidaantichii rawwatan seeraan alaa fi heeraan ala jedhan.Kunis maallaqa sagantaalee adda addaaf ramadaman kan kutaa Sanaa fi jiraattoota kutaa Sanaa miidha jedhu.
Traamp wixinee imaammata isaanii hojii irra oolchuuf mootummaa addaan qoodametu isaan mudatuuf jira.
Addunyaan Qaanqee Oli Facaafachaa Abdii fi Gamamchuun Bara 2019-tti Dabarte Kaan manneen amantii ufiitti yaa’ee waqa ufii yaammatee waan dabreef galateeffahcaa waan itti aanaaf abdachaa bara haaraa gahye. Kaan manneen sirbaatti, kaan adaalatti walii yaa’ee qaanqee facaasa,kaan firaa fi fiixaan walti yaa’ee bara haaraa siamta.Addunyaan gamuma gamaan bara 2019ti seente. Amerikaa,New Yorkitti nama kuma kurnya hedduutti roga Times Square keesatti walti dhufa. Akkuma duruu amaleeffatan kubba guddayyoo yoo barii haarahii gahu cufa siqiachaa gadi buusan laalaa achiin woma harkaa qaban abbuuqachaa,unachaa ganna haaraatti dabran. Yoo ummatii akkana walti bahee kana drone, xuyyuura diqqayyaa namii keessa hin jirree kaameraan qabatee biyya gubbaa marattu nagaa lafaa eegan. Poolisiin New York tana malee kaameraa video 1,200 lafa eegaa akka namuu nagaan gargar galu biyya tissiti. Faransaay, Paarisitti warrii lafaa Champs Elyse,lafa daawwii itti yaa’anitti walti dhufee qaanqee waaqa keessa oli facaasan daawwachaa bara 2019 gahe. Warrii Jermen,Berlin ammoo karaa biyya isaanii dheeraa Brandeburg Gate faati walti dhufee sirba baadii biyya isaantii daawwachaa gammachuun walti sirbe. Warrii UK,London qoonqoo bilbila biyya isaanii Big Ben caqasaa qaanqee laga Thames irraa oli tokkosaniin bara haaraa gahe. Raashiyaa, Moosootti ammoo warrii lafaa naannoo Red Square fi paarkii isaanii keessaatti ganna haaraa gahe. Dubaahiin fooqii biyya isii dheerinnaan addunyaa keessaa tokkeessoo taate Burj Khalifa irraa qaanqee facaafattee addunyaa wal fakkaate. Australia, New Zealand fi laftii didiqqoon garba Paasifik keessaalleen akkuam wal duratti bari’aniin gammachuun bara haaraa gahan.
Australia, New Zealand fi laftii didiqqoon garba Paasifik keessaalleen akkuam wal duratti bari’aniin gammachuun bara haaraa gahan. Jappaan dorgommii gurba biyya isaanii ka ganna 21, dorgommii martaal artiin addunyaa keessatti beekan Tensin Nasukawa kalee namicha Amerikaa boksiin addunyaatt keesastti maqaan baheef,Floyd Mayweather dorgommii isaanii daawwachaa jala baulti bara 2019 geette. Addunyaan gamuma jirtuun ganna haaraa kana abdii fi gammachuun itti duudde. Barii haarahii ka roobaa fi nagaa,quufaa gabbinnaa, hormaataa fi bultumaa fi ka kaayoo isanii haa tahuu, jenne.
Waardiyaalee fi waraanni naannoo daangaa eegumsa gochaa jira jechuu dhaan koolu galtoonni kun Mexico keessa turu ykn gara biyya ofiitti deebi’uu qabu jedhan.
Saudiin garu soba jetti.
Ijoolleen Totten Haam istaadiyoomii Wembley keessatti Chelsii 3-1 biraa yaate.
Sana booda gazexxeessaan kun mana murtiitti waan hiamteef ehamnii isaa akka deebi’uuf muramee ture.
Filannoon ammaa kun, baatii Amajjiitti, mana-maree siyaasaan addaan-qoodame waltajjiitti fiduuf, prezidaant Traamp, imaammatoota isaanii raggaasisiifachuuf rakkoon mudachuuf deema – jedhama.
No media source currently available
Kanneen ajjefaman kun irra hedduun barattoota ta’u ibsamee jira.Putin Moskoo keessatti ibsa kennaniin gocha kana keessa nama tokko caalaan harka qabaachuu mala.
Mootummichi, gurmuulee Uhigurs, Kaazaakiis fi sab-xiqqaalee ka biroo bakka tokkotti ugguruudhaan himatamaa jira.
Sana booda ministriin dantaa alaa Amerikaa Pompiyoon mootii sa’udii waliin caalaatti akka dubbataniif gara Riyaad ti ergan.Prezidaantiin Tarkii Resep Erdogan fi mootiin Saa’udii salman Dilbata kaleessaa garee gam lameen irraa walitti dhufuun eessa butee Gazexxesichaa qoratuu dhaabuu dubbatan.
Guyyoota haga xiqqoo dura immoo, itti-aanaa prezidaantiin Yunaayitid Isteets – Maayik Peens, dhimma miidhaa waraanaa, hanna daldalaa, dhiittaa mirga dhala-namaa hammeessuu fi mormii Traampiin dhimma filannoo Yunaayitid Isteets keessa harka galfachuutti Chaayinaa balaaleffatanii turan.
No media source currently available
Hardha Amerikaa godina Ditrooyit,Michigen keessatti doote.
No media source currently available
Dorgommii OSFNA baranaa Adoolessa 21-28 Denver,Koloraadootti Taphatanii Kilaboota Kubbaa Miilaa Oromoo 32ti Itti Dhufaan Abdatan OSFNA (Oromo soccer tournament of North America) Waldorgommii Federeshiiniin Kubbaa Miilaa Oromoo Amerikaa Kaabaa gannuma gannaan qopheessu. Dorgommiin baranaa tun 22essoo.Dorgommii baranaa Summer of Bilisummaa Ganna Bilisummaa jedhaniin. Torbaan Oromoon biyya akka akkaatii walti dhuftee qophii aadaa, gammachuu, ispoortii,marii siyaasaa fi waan hedduu qopheessan tanaan Torbaan Oromoo jedhan. Bulchiinsa Amerikaa qophiin akkanaa godina isaatti qopheessanitti maqaa kana seerumaan kennaaf. Bulchiinsii magaala qophii akkasii keessatti qopheessanilleen dorgommii akkanaatti dhufee ummataan wal dubbataa,karoora bulchiinsa isaaniillee itti himaa wal mari’atan. Makaarim Abdaa, boordii OSFNA ta baranaa keesaa nama tokko. Qophii baranaa dorgommii saaphannaa,fiigihcaa,qophii bashanannaa fi hedduu qabdii jedha. Koloraadoon teessuma lafaatiin teennna fakkaattii gaarrenillee hin qabdii koottaa laalaa jedha. Dorgommii OSFNA baranaa kilaboota 32 diviziyoon ‘A’ fi diviziyoon ‘B’ jedhanii fulaa lamatti baasan.Diviziyoonin ‘B’ yoo jabaate gara Diviziyoonii ‘A’ tahee oli guddata. Dorgommii baranaa tana istaadiyoomii Koloraadoo jiru Adams Stadium keessatti qopheessan.Akka Makaarim jedhutti istaadiyoom kun fulaa makiinaa dhaabatanillee hedduu qaba. Makaarim nama barusma Software Engineering keesaa damee barumsaa Software Developer barate. Akka namii dorgommii tana daawwatu saatuma saatiin tapha kana quba qabaatu soccer stats qopheessine jedha. “Eennutti kaardii argate,eennutti goolii galche,eennutti maal hojjate…” jedhanii baasanii yoosuma baafana jedha.
“Eennutti kaardii argate,eennutti goolii galche,eennutti maal hojjate…” jedhanii baasanii yoosuma baafana jedha. Akka kilabiin ijoollee tana bitachuu fedhanilleen odeeffannoo isaanii qabaatan tolchuuf. Jarii dorgommii tana dhufulleen Koloraadoo dhufee istadiyoomii seenuuf hiriira dheeraan keessa turuu mannaa tikeetii online irraa bitachuu dandahaa jedha Makaarim.
Mootummaan kutaa Yoobee, kan kutaa sana keessa jiru manni-barnootaa Daapchii Ebla soddomaa jalqabee akka banamu kan ehame tahus, toban tokkoo booda – barattoota 900 keessaa kan gara barnootaatti deebi’a 200 qofa – jedhama.
Waajjirii isii guddaan San Fransiskoo bara 1852 hujii jalqabde.
Biyyootii tun eegi Raashiyaan hojjataa basaasaa mootummaa isii ka durii amma baqatee Bititen magaalaa Salisbury jiru gaaduma gaaddee isaa fi intala isaallee gaazii dhiiga nama dhaabduun ijjeesifte seera adduyaa cabsite jedhanii bulchoota isii biyyaa oofatan.
Haleellaaleen kun walumaa-galatti hidhattoota Al-shabaab 17 ajjeesan.
Aniis kanneen yaada adda addaa qaban arguun fedha jedhu prezidaantiichi Amerikaa.
Fedhii namoota gargaarsa kana barbaadanii guutuuf Doolaara Biliyoona 1.4 akka barbaachisu ibsame.Gaaffiin gargaarsa dhala namaa kun biyyattiin tasgabeessuu fi nagaan akka bu’u gochuuf carraaqqii godhamu cina deemuu qaba jechuun bakka bu’an Tokkummaa Mootummotaa beeksisee jira .
Siiriyaa keessaa illee maadhee dhaabbataa qabaachuuf fedha qabaachuu Tehraan qeeqaniiru.
Gareen Islaamik Isteetes balaa kanaaf itti gaafatama fudhatee jira.
Gara fuul-duraatti, hoogganoota dhaloota itti aanuu leenjiusuutti ka fuuleffatan tahuu dubbatu.
Saaleen isaaniif kennamu Ripublikaanota Senetii keessaaf waan ta’eef barbaachisaa dha jedhan Traamp.
Kunis jaarmoliin federaalaa tattaaffii baraarsaa akka qindeessaniif daandii saaqa.
Waggaan barnaa ibiddi Kaalifoorniyaa keessatti Ka’e isa hamaa dha.
Baaliin bakka daawwannaa tuuristootaa Indooneeshiyaa beekamaa yoo ta’u aadaa warra Hinduu, galaana bakka bashannanaa kan qabuu fi waggaatti daawwattoota miliyona
Mack akka jedhanitti dahata akka hin tolfamne ittisuuf jecha caasaa shororkeessaa kana irra dhiibbaa gochuuf cicha qabnu itti fufna.
Traamp akka jedhanitti kooriyaa kaabaa fi walii galtee daldalaa ilaalchisee ennaa Washintonitti deebi’an ibsa cimaa kan kennan ta’uu ibsanii jiru.
Gaaffiilee qaamota tokkummaa mootummootaa fi dhaabbatoota ka biroo irraa gaaffiilee itti dhihaataniifis deebii gorsaa kenna.
Shariif mana murtii ol aanaa Paakistaniin aangoo irraa kan kaafaman Aduulessa darbe ture.
Mariin kampanilee teknooloojii kana waliin geggeessamu amaaf uummataaf cufataa yooo ta’u koreewwan mana maree bakka bu’ootaa fi kan koree basaasaa haala filannoo waliin wal qabateen itti fayyadama marsariitii irraa mari’achuuf jiru.
Labsiin haala balaa hatattamaa Obonboleettii “IRMAA”, lafa odoola Bahaamas keessaa haga tokkoo, kutaalee biyya Kuubaa haga tokko, odoolota Kaayikoosii fi dugdee Flooridaa irratti labsamee jira.
Bulchiinsii mootummaa Pirez.,Tiraampi sagantaa ijoollee biyya ormaaatii seera malee Amerikaan dhufaniin gargaaran, DACA dhaabuuf hajaje Sagantaan Deferred Action for Childhood Arrivals DACA jedhan kun bara 2012 keessaa bulchiinsii pirezidaanti Obaamaa baase. Ijoollee seera malee maatiin isaanii diqqeennaa Amerikaan dhufaniinii asumatti guddatanii fi ijoollee maatiin isaanii VISA argatee Amerikaa dhufee galuu dideen gafgaaran. Amerikaan qaraa nama miliyoona 10 caalutti seera malee keessa jiraata. Maatiin kun ijoollee guurratee dhufeen. Amma nama 800,000 sagantaa kanaan gargaarsa argachuutti jira.Tanumaaf jedhanii biyyaa hin baasinillee.Jarii kun ganna lama lamaan waraqata eennummaa haareffatee hujii hojjata. Ammallee akka dansaa hin galmoomne malee nama haga miliyoona 1 tahutti sagantaa kana keessa jiraachuu dandaha.Ijoollee tana haga tokko gaafa gannii isaanii 6 fa Amerikaan dhufan. Bulchiinsii Tiraampi ammoo sagantaa kana dhaabuuf hajaje.Akka kongireesiin Ameirkaa ijoollee tana biyyaa hin baamne feenaan ji’a 6 seera haaraa baasee faluuu dandha jedha. Bulchiinsii Tiraampi ammaaf iyyannoo sagantaa DACA kana nama irraa hin fuudhu. Haga ji’a 6 keessatti asuma Amerikaa keessa jiran.Achiin duubatti nama sagatnaan kun nama galmeessuu dhaaba.Warrii sagantaa kana ganna 2f mallatesaniif haga gannii isaanii lamaan dhumatutti hinuma taa’a. Hajaja bulchiinsii Tiraampi DACA dhaabuuf baase kana abbaa alangaa addaa Amerikaa, Jeff Session faatti labse. Pirezidaanti Tiraampi eegii murtii tana labseen duubatti “ijoollee diqqeennaan asi dhufani amma nama guddaa tahan adabuu hin beenuu Amerikaan biyya carraa qabduu taatullee biyya seeraan bultu,” jedha. Pirezidaantiin Amerikaa ka durii Baraak Obaamaa bulchiinsii Tiraampi ijoollee carraa tanaan Amerikaa dhufan "abdii borii" sagantaa kana irraa cufuun murtii siyaasaati," jedhe.
Pirezidaantiin Amerikaa ka durii Baraak Obaamaa bulchiinsii Tiraampi ijoollee carraa tanaan Amerikaa dhufan "abdii borii" sagantaa kana irraa cufuun murtii siyaasaati," jedhe. Sagantaa DACA kana ammoo “karuma seeraa qabu, karuma garaa naasuu qabuun falla,” jedhe Tiraampi.Sagatanaan DACA kana hambisuun Amerikaatti dubbii siyaasaa guddoo tahe. Haga Ebala dabreetti nama 1,586,657 tahutti Amerikaa keessaa tanaan carraa argate. Jara kana keessaa hagii guddaan Kaalifoorniyaa,Teksasii fi Ilinoohi. Ijoolleen tun haga tokko yuniversitii baratanii hagii tokko sadarakaa tokkeessoo hagii kaan fulaa akka akkaa jiran. Kongireesiilleen eeyee jedhee jennaan nama kuma 800 durii maatiin isaanii seera malee Amerikaan dhufe jedhan hedduu biyyaa baasan.
Garu manni maree Kongreesaa lameenuu sagalaa guddaan tarkaanfii kanaaf sagalee deggersaa kennan.Kun immoo Traamp sagalee qabaniin yoo kuffisan ykn mallatteessuu yoo diidan balaa itti fiduu maluu akka ofii isaanii dhunfaatti keessa ba’aniif saaxile.Traamp mormii qabadhuus ittiin buluun qaba jedhan.
Anadolu-n akka gabaasetti poolisiin namoota seeran ala nama deddeebisan kanneen yabalattiin utuu gad liqimsamaa jirtuu dhiisanii baqatan barbaadaa jira.
Akka qorannaa geggeessameetti seerri ripaablikaanonni dhiyeessan kan “skinny repeal” jedhu utuu darbe ta’ee lammiiwwan Ameerikaa miliyoona 16 taantu insuraansii fayyaa dhabu.
Gabaasa guutuu dhaggeeffadhaa No media source currently available
Magaalaan Tongil-gak, ka daangaa biyyoota Kooriyaa lameen irratti argamtu yoo tahu, ammaan dura illee magaalaa kana keessatti mariin biyyoota lameenii geggeessamee ture.
Eegii ilmii Tirampi Hilarii Kilinton moo'uuf ergaa email Raashiyaa erge gadi baase asitti 'bulchinsa USA miilii jalatti hollachuutti jira’ Ilmii pirezidaanti Tiraampi angafii nama abbaa isa waan hedduun gargaaruun beekamu. Akka oduu media akka akkaatti gaafa dorgommii filannoo Amerikaallee duula filannoollee keessaa qooda guddaa qaba. Bulchoota Raashiyaallee waliin akka Hilarii Kilinton ta Doonaldi Tiraampi waliin ganna dabre filannoo irratti dorgomtellee moo’achiisuuf isatti bulchota Raashiyaatiin wal mari’ate jedhan. Jarii tun dhuguma jedhee fudhachuu baatullee ilmii isaa angafii Waxabajjii bara 2016 keessaa abbaa alanagaa addaa Raashiyaa fooqii Doonaldi Tiraampi New York Amerikaa jirtu keessatti walti dhufanii mala Hilariin moo’an wal dubbatan jedhan. Ilmii Tiraampilleen ergaa email abbaa alangaa addaa Raashiyaa suniin walii ergan gadi baase.Ergaan email sun keessatti ilmii Tiraampii kun akka Hilari Kilinton maqaa balleessanii namii hedduun isii hin filanne tolchuuf bulchoota Raashiyaa gaafate.Waan walii galan kana guutuuf ammoo New York fooqii Tiraampi keessatti wal arguuf walti dhufan. Tiraampi eegii ergaan email sun gadi baatee asitti waan silaa hojjatu hedduu dhiise waan median Amerikaa ilma isaatiin jedhu TV irraa daawwachuutti jiraa jedha MEDIA Amerikaa hedduun Bulchiinsii Tiraampi ammoo caasaa fayyaa Amerikaan wayyeessuu fi karaa qaraxa Amerikaa diqqeessanii akka namii faaydaa argatu tolchuuf hujiitti jirra malee saatii TV daawwannuu hin qamnu jedha. Sun duratti ammoo Tiraampi dubbiin tiyya qoftii maaniif oowwit? waan Hilari Kilinton tolchitee jalaa baate laala.Oduun akkanaa waan gara hin qamane! jedhee Tiwwter ufii irratti barreesse. 'Me laalaa ISIS baqachuutti jirtii diqqoo turree Siiriyaa fi Iraaqi keessaa axoomnee bafanaa daarii Amerika jabeessinee eegnee shiftaa nama saamtuu biyya keessaa balleessuutti jiraa,' jedhee dabalee barreesse.
'Me laalaa ISIS baqachuutti jirtii diqqoo turree Siiriyaa fi Iraaqi keessaa axoomnee bafanaa daarii Amerika jabeessinee eegnee shiftaa nama saamtuu biyya keessaa balleessuutti jiraa,' jedhee dabalee barreesse. Waan ilma isaatii fi bulchiinsa Tiraampiin himatan abbaa alangaa addaa itti filanii dharaa fi dhugaa isii qorachuutti jiran.
Yi-n itti dabaluu dhaan dhaabi isaanii hojii addaa keellaa yaalii nukleraa kooriyaa kaabaa Punggye-ri keessatti geggeessamu illee hin argine jedhan.
Lokkoobsi Godaantotaa Galaana Irraan Bara Kana Xaaliyaanii Seenanii Kuma Saddeettamii-shanii Ol Gahuu Dubbatu Aangawoonni Ishee Xaaliyaaniin lakkoobsi godaantotaa bara kana biyya ishee seenaa jiran ka bara dabree dhibba irraa harka digdamaan caalee jira, jetti. Aangawoonni Ministirii Dhimma Biyya keessaa Xaaliyaanii akka jedhanitti, haga kaleessaatti godaantonni bara kana biyya isaanii seenan kuma saddeettamii shanii fi dhibba tokkoo fi saddeettamii sadii. Ka bara dabre yeroo akkanaa irra kuma kudha-afuriin caala – lakkoobsi kun. Godaantonni biyyattii seenan irra hedduun isaanii kanneen waardiyyoota imala galaana irraa to’atanii fi dooniilee ka biroodhaan, bidiruulee isaanii bishaaniin nyaataman keessaa baraaramani. Afrikaa gama Kaabaa irraa ka’uudhaan otuu gara sanatti imalanii bara kana baqattoota kuma lama tu dhume. Otuu lakkoobsi walii-galaa hin beekamiin dura illee, prezidaantiin xaaliyaanii Paawuloo Jentiloonii, akka Gamtaan Awurooppaa baqattoota hedduu gara biyya isaaniitti yaa’aa jiran irraa rakkoo biyya isaanii mudate salphisuu irratti akka isaan gargaaru gaafatanii jiran. “Xaaliyaaniin guutummaatti waa’ee baqattoota giddu-galeessa Meditiraaniyaan keessa yaa’aa jiran kanaatti furmaata barbaaduuf kaatee jirti. Gamtaan Awurooppaa, qajeelfamoota isaa, seenaa isaa fi qoroomina isaaf amanamaa ta’uu yoo fedhe akka dhimma kanatti hirmaatu gaafanna. Godaansi gara keenyatti yaa’u kun akka booda waan humnaa olii hin taane, Xaaliyaaniin gargaarsa barbaaddi. Rakkoolee haga ammaatti jiru hawaasni keenyaa akkataa fakkeenya ta’uu danda’u – gara-laafina namoomaa fi simannaa gaariidhaan deebii kenne – jedhan. Torban dabre keessa, xaaliyaaniin, yabalawwan yokaan markabawwan godaantota baraaranii itti fidanitti ulaawwan ishee ishee cufuuf akeekkachiistee turte. Akka yabalawwan yokaan markabawwan sun gara biyyoota Meditiraaniyaan ka birootti deeman gochuuf jecha kan tarkaanfii kana fudhatte – Xaaliyaaniin, akka biyyoonni kaan baqattoota sana simatanis kadhataa jirti.
Akka yabalawwan yokaan markabawwan sun gara biyyoota Meditiraaniyaan ka birootti deeman gochuuf jecha kan tarkaanfii kana fudhatte – Xaaliyaaniin, akka biyyoonni kaan baqattoota sana simatanis kadhataa jirti. Haa tahu malee, kaleessuma kana illee, baqattoonni dhorkaa tokko malee Xaaliyaanii seenaa turan. Faransaay, Jarmanii fi Koomishinarri Dhimma Godaantotaa, kan Gamtaa Awurooppaa, godaantota gara Xaalkiyaaniitti yaa’aa jiran simachuu ilaalchisee akka Xaaliyaanii gargaaran dubbatanii jiran. Garuu, jechi isaanii, iyyannaa prezidaantiin Xaaliyaanii dhiheessan kana wajjiin kan wal-qabate ta’uu waan beeksisan hin jiru. No media source currently available
Prezidaantichi -- dhaamsa Tiwiiteriidhaan har’a ganama dabarsaniin, Chaansleritti Jarmanii – Angelaa Merkel, Prezidaantii Faransaay – Emaanu’eel Maakroonii fi Muummichi-ministaraa – Paawuloo Jentiloonii waliin mariin geggeessan maalitti akka fuuleffatu waan eeran hin turre.
Baqatoonni guyyoota 120f gamanatti akka hin imalle uggurri kaa’ames kan hojii irra oole ennaa ta’u kanneen firummaa maatii Yunaayited Isteetes keessa jiraatu waliin jiruuf ragaa dhiyeessan garuu seenuu danda’u.
Kanneen imaammata Traamp wixineessan akka jedhanitti tarkaanfiin bulchiinsa Obamaa duraniin fudhatame waraana fi tajaajila basaasa Kuubaa cimsa jedhan.
Hariiroo Afrikaa Waliin Cimsachuun Ameerikaaf Yoomiyyuu Caalaa Barbaachisaa Dha, Jedha Aangawoonni Ishee Addunyaa irratti biyyoota shaffisaan guddataa jiran 10 keessaa 3 Afrikaa keessatti argaman. Sadarkaan IMF baase akka agarsiisutti biyyoonni Afrikaa lama ka biroon immoo, biyyoota kurnan shaffisaan guddatanitti dhihoo jiran. Kana tu hariiroo Yunaayitid Isteets Afrikaa waliin qabaattu ka yoomii iyyuu caalaa hedduu barbaachisaa taasisa. Koree hariiroo alaa, ka mana-maree bakka-bu’ootaa Yunaayitid Isteets irraa – Ed Rooyis akkana jedhu. Hariiroon Yunaayitid Isteets Afrikaa waliin qabdu, tarsiimoo dantaa ti. Waa’ee gargaarsa namoomaa hatattamaa kennuu qofa otuu hin taane, waa’ee dantaa dinagdee keenyaa, dantaa siyaasaa keenyaa, dantaa nageenya keenyaa tarkaanfachiisuu ti. Yeroon kun, yeroo gara boodaatti irraa deebinu miti. Keessumaa yeroo biyyoonni akka Chaayinaa ardittii keessatti akka jabaatti invest gochaa jiranitti, jedhu. Manni-maree bakka-bu’ootaa yokaan Kongresiin Yunaayitid Isteets, wixinee seeraa, Afrikaa keessatti proojelktiilee humna eletrikii babal’isuutti fuuleffate, kan “Electrify Africa Act” jedhu raggaasisee jira. Kana malees, ka Yunaayitid Isteetsii fi Afrikaa gidduutti daldalaa fi investmentii babal’isuutti fuuleffate – seera duraan ba’ee ittiin hojjetamaa ture, “AGOA” jedhamu, irra deebi’ee raggaasisee jira. Kan Afrikaa Kibbaa keessa maadheffate - dhaabbata Misooma Industrii irraa Maark Gooliyaat, waa’ee faayidaa seericha “AGO” jedhamuu akkanatti ibsan. Afrikaa keessatti, walii-galteen AGOA biyyoota Afrikaaf carraa kenneen jira. Biyyoonni akka Itiyoophiyaa fi Keeniyaa, Moorishees, Lesuutuu fi Swaazilaand walii-galtee kana simatanii, oomishaalee isaanii gara gabaa Ameerikaatti ergatanii jiran, jedhan.
Biyyoonni akka Itiyoophiyaa fi Keeniyaa, Moorishees, Lesuutuu fi Swaazilaand walii-galtee kana simatanii, oomishaalee isaanii gara gabaa Ameerikaatti ergatanii jiran, jedhan. Yunaayitid Isteets tahe Chaayinaa yokaan biyyoota biroo waliin, yeroon itti Afrikaan ofii ishee hariiroo alaa barbaaddattu amma akka tahe dubbatu – beektonni. As Yunaayitid Waashington DC ka jiru – Hawaard Yunivarsitii irraa, Mohaammed Salihuu Kamaaraa ennaa dubbatan, Afrikaan warra michooma isheef itti dhufan simachuu otuu hin taane, ofii michoota barbaaddachuun dantaa ishee eeggachuu fi tarkaanfachiisachuuf akka ishee gargaaru dubbatan.
Haleellaa Maanchastar Booda Qondaalonni Farra Shororkeessummaa Ka Briteen Shakkamtoota Hidhuu Itti Fufan Saalmaan Abdel, warra isaa dubbisuuf eega Liibiyaa turee booda, torban dabre kana gara Maanchesteritti deebi’e. Qondaalonni farra shororkeessummaa, ka Briteen, eega jalqaba torban kanaa irra agarsiisa sirbaa yokaan konsertii irratti Boombiin dhoosamee – ijoollee dabalee namoota 22 fixee booda, weerara geggeessuu fi shakkamtoota hidhuu itti fufanii jiran. Weerarichi, akka humni poolisii hatattamaan tarkaanfii fudhataa jiru uummataaf mirkaneessu yoo tahu, gama biraatiin immoo uummata magaalaaa Maanchester keessatti rifaatuu uumee jira. Rifaatuun sun amma immoo suuta suutaan gara humna naga-eegumsaa Maanchesteritti aaruutti cehaa jira. “Humni naga-eegumsaa sun, of-wareegaa Boombicha dhoose, kan umuriin 22 Saalman Abeedii fiinxaalessa bala’amaa ta’uu adda-baafachuu kan isa dandeessisu carraa baay’ee qabutti hin gargaaaramiin hafe” – qeeqa jedhu tu dhaga’amaa jira. Namoota ollaa isaa jiraatanii fi hoogganoota Masjiidaa dabalee – namoonni hedduun waa’ee bala’amaa ta’uu nama kanaa qondaalota naga-eegumsaatti iyyatan iyyuu akka tarkaanfiin hin fudhatamiin dubbatu – Qeeqxonni. Hojjetaan hawaasaa tokko, Saalmaan Abbeedii “of wareegaa Boombii dhoosu ta’uun gaarii dha” jechuu isaa dhaga’ee – qondaalota naga-eegumsaatti gabaasuu isaa dubbata. Haatii fi abbaan Saalmaan dhalata biyya Liibiyaa Briteen keessa jiraataa turan yoo tahan, eega hoogganaan biyyattii Mohammar Gaadaafii taayitaa irraa fonqolchamanii booda, obboleessaa fi obboleettii isaa waliin xaxatanii biyya isaaniitti galan. Saalmaan Abdel, warra isaa dubbisuuf eega Liibiyaa turee booda, torban dabre kana gara Maanchesteritti deebi’e.
Saalmaan Abdel, warra isaa dubbisuuf eega Liibiyaa turee booda, torban dabre kana gara Maanchesteritti deebi’e. Aaangawoonni Briteen, halellaan sun, caasaa sadarkaa Addunyaa qabaachuu fi dhiisuu qorataa jiran.
Mueller erga Traaamp Direktera FBI James Comey Caamsaa 9 hojii irraa ari’atanii booda qorannaa kana akka hoogganan filataman.
Tiraampi dureessa addunyaatti horii biliyoona hedduu qabu.
No media source currently available
Lolli hamaan kan ka’e erga IS, humnootii demokraatawaa Siiriyaa SDF fi loltoota gamtaa Kurdootaa fi Arabootaa gidduutti haleellaan geggeessamee loltoota hanga tokko galaafatee booda.
Raashiyaa, magaalaa Moskoo, bakka uummatni kuma dhibba lama ta’u hiriira bahetti garuu, haalli ture gammachuu fi nagaan xumuramuu tu dubbatama.
Waajiroonni naga-eegumsa biyyoolessaa biyyoota lameenii ibsa gamtaa achii booda waliin baasaniin, walii-galteen waa’ee THAAD otuu hin jijjiirafmiin akka itti fufu dubbatan.
Adoolf Hitler ennaa waraana addunyaa lammataa Juushota miliyoona ja’a fixuun isaa seenaa keessatti yeroo dukkanaa’aa hamaa dha jedhan
Gabaasa guutuu dhaggeeffadhaa No media source currently available
Maddeen Talibaan har’a akka mirkaneessanti ajajaan waraanaa ajjefamee Qari Mairaj namoota lamaan haleellaa misaa’eela Amerikaan kutaa kibba bahaa Afganistaan kan naannoo daangaa pakistaan irra kutaa Koost keessatti ajjefaman keessaa tokko jedhanii amanu.
Kakatee sobe jechuun seshiins aangoo haa gadhisuu jedhu Demokraatonni hangi tokko.Seera tumtoonni hangi tokko paartilee lamaan irraa koree qorannaa gaggeessuu keessaa of- haa baasu jechaa turan.
gargaarsi biyyoota ka biroof kennamu bajata walii galaa keessa dhibba irraa harka tokko qofaa jedhan.
Gabaasa guutuu dhaggeeffadhaa No media source currently available
Ameerikaan qooda nu irraa eegamu ni raw’anna” jeddhan.
Kanneen keessaa tokko, ka prezidaantummaaf dorgomaa turan - Hilarii Kilinteni.
Amma illee mootummoota alaa irraa karaa keessummootaa fi ayyaanawwan hoteelaa isaanii fi gamoo isaanii daldalaa keessatti geggeessamanii maallaqaa fi kenna argataa jiran – jechuun himata – gurmuun naamusa Mootummaa qoratuu fi tiksu kun.
Silaa ji’a tokkoon duratti Jermen keessaa baasuu malaniiyyuu jedhan bulchootii Jermen.
Shakkamaan Haleellaa New York-tti Hidhata Qabu To’annaa Jala Oole Poolisii fi angawoonni naga eegumsaa dho’iinsi sun erga dhaqqabee booda naannoo Manhatan marsan. Bulchaan New York Andrew Cuomo balaan itti aanee jiru kan hin jiraanne ta’uu jiraattotaaf mirkaneessuuf bakka sanatti argamaniiru. Garuu akka of eeggannootti, poolisii kutaa NY, waariyyaalee biyyoolessaa kuma tokko haaraa ta’an naanolee buufata atoobisii, buufata xayyaaraa fi bufataalee baabura imaltootaatti bobbaasuuf jirra jedhan. Dho’iinsi sun sambata galgala sa’a 8:30 irratti dhaga’ame. Kaameeraa naannoo sana jiruun illee waraabamee jira. Kanneen ijaan argan akka jedhanitti dho’iinsa lafa raasu guddaatu dhaga’ame. Angawoonnis kan urmuriin waggaa 28 Ahmad Khan Rahami kan dho’iinsa knattii hidhata qaba jedhan to’annaa jala oolchanii jiran. Qorattoonni suraa isaa har’a ganama tamsaasanii turan. Rahami-n dho’iinsa ka biroo sambata ganama New Jersey keessatti dhaqqabetti illee hidhata qaba. Bakka sanatti garuu namni miidhame hin jiru. Poolisiin har’a boombiwwan ka biroo shan magaalaa New York buufata baabura imaltootaa cinatti kan argamu bakka kosii itti gatamu keessaa argame fashalsiisee jira. Poolisiin mana jireenya shakkamaa kanaa weeraruu dhaan ragaa itti dabalaa barbaadaa jira. Ragaaleen walitti qabaman laboratorii FBItti ergamanii qoratamaa jiru. waajjira poolisii magaalaa New York waliin ta’uu dhaan dhimma kana itti siqeenyaan hordofuu itti fufna jedhan. Bakka bombiin sun itti dho’e irraa hanga tokko fagaatee gareen boombii fashaleessu meeshaa elektrikii kan nyaata ukkaamsee battala bilcheessu kan “pressure cooker” mobaila harkaatti shiboo dhaan qabsiisame argan. Mobilli harkaa daataa hedduu fo irraa qaba waan ta’eef mobilii qabame kana irra odeeffannoo hedduun argamuu ka danda’u ta’uu poolisiin beeksisee jira.
Mobilli harkaa daataa hedduu fo irraa qaba waan ta’eef mobilii qabame kana irra odeeffannoo hedduun argamuu ka danda’u ta’uu poolisiin beeksisee jira. Poolisiin nageenya naannoo New York cimsee ennaa jiru kanatti qorattoonni caasaa shororkeessotaa ykn haleellaan kun gareelee shororkeessota sadarkaa addunyaattii hidhata qabaachuu isaa adda baasuuf hojjetaa jiran. http://www.voaafaanoromoo.com/a/3515529.html No media source currently available
Traamp yoo filannoo prezidaantummaa injifatan, lakkoobsa kana keessaa kanneen miliyoona ja’aa ol tahan biyyaa baasuu malu – jedhama.
No media source currently available
Prezidaant Obaamaan Maatiiwwan Orlandoo Gadda Keessa Jiran Jajjabeessan Xayyaarri presidenttummaa kan “Air Force One” jedhmu ennaa kaleessa buufata xayyaara sadarkaa addunyaa Orlando qubatutti Mr. Obamaan fuula isaanii irraa gaddi mul’ataa ture yeroo hojii isaanii marsaa lammataa haleellawwan dhaqqaban kan irraa mula’ate waliin wal fakkaata. Jechuunis miira nama jajjabeessuuf namaa gaddutu irraa mul’ataa ture. President Obamaan kana duras Sandy Hook, kollejii Virginia Tech, Charleston, San Bernardino, amma immoo seenaa ameerikaa keessatti fixiinsa isa hamaa Orlando irratti erga raawwatameetti bakka adda addaatti aragamanii maatii gaddi itti dhaga’ame ennaa jajjabeessan haaluma wal fakkaataatu fuula isaanii irraa argama ture.. Maatiwwaan gaddi irra ga’e dhuunfaan erga daawwatanii booda Obamaan yeroo kanatti haleellaan mana sirgaa halkanii Pulse jedhu irratti raawwatame gocha shororkeessummaa utuu hin taane jibbiinsa hawaasa jaalalleewwan saala wal fakkaataa ti jedhan. Kan irra deddeebi’uu dhaan namni meeshaa waraanaa bitatu achii as dhufti isaa qoratamuu qaba, seerri to’annaa qawwee cimaan ba’uu qaba jechuun kongresa biyya isaaniitti himaa turan Obamaan amantaa imaammata isaanii kanaa kaleessas cimsanii dubbatan. Maatiiwwan isaan guyyaa sana ofitti qabuun jajjjabeessan ajjeechaan itti dabalaa akka hin raawwanne tarkaanfii cimaan akka fudhatamu gaafatan jedhan. Ennaa xumura daawwannaa isaanii Orlando Obaman itti aanaa prezidaantii Joo Baaydan waliin ta’uu dhaan bakka yaadannoo kanneen dhumanii magaalattii keessa jiru irra daraaraa kaa’anii jiran. Ennaa kanas jiraattonni magaalattii presidentichi ennaa magaalattiin gadda keessa seentetti daawwachuu isaaniif galateeffataniiru. Siyaasa isaanii waliin walii galuu dhiisuun mala, garuu akka namaatti kabajaa guddaan qabaaf. Oduu irratti ennaa isaan dubbatan akkan dhaga’etti, garaa isaanii irraa fudhatanii dubbataa tuarn. Baay’ee itti dhaga’ame.
Baay’ee itti dhaga’ame. Kanaaf kan galateeffadhaan jedhan. Jiraattonni ka biroon illee paresidentiin keenya as bakka nuti jirru dhufanii ani isin waliin jira isinan deggera ennaan nuun jedhan yaadi keenya ni haara’a jedhan. Guyyaa guutuu guutummaa Ameerikaa irraa daawwattoonni dhibbaan laka’aman dhufanii bakka yaadannoo namoota dhumaniif qopaa’etti argamuu dhaan kabajaan yadatanii jiru. Gaddi isaan torban kana keessa darban kan isaan baachuu danda’anii ol ta’uu illee jiraattonni gaddaan dubbataa jiran. No media source currently available
Tanaaan 11 Jedhaa! Jettee Riyaal Maadriid Dorgommii Shaampiyoonis Liigii Awurooppaa, UEFA Mootee Jennaan Dorgommii Shaampiyoonaa Riyaal Madriidii fi Atileetikoo Shaampiyoonis Liigii baranaa woma hedduu himaniin qaba.Shaampiyoonis Liigii (UEFA) maqaa dorgommii kilaboota Waldaa Awurooppaa kilabootii divizoona olaanaa keessa jiran taphatan. Dorgommii qalbii guddoon daawwatan horii miliyoona dhibba hedduu itti bahuu fi tapha namii akka malee jaalatu keessaa ka duraati. Tapha baranaa kilaboota 32 jalqabee Riyaal Madriidii fi Atletikoo Madriiditti walti hafe. Taphii 1-1 dhumatee eegee adabbiin gargar baasan. Akkuma kanaan Riyaal 5-3 mootee ta baranaa waliin marroo 11 dorgommi Awurooppaa moote.Kubbaa Ronaaldoon dhiitee akka Riyaal Madriid moosise. Gama Riyaal Madriidiitii;Lucas Vazquez, Marcelo fi Gareth Bale hin galchan,gama Atileetikoolleen Griezmann, Gabifi Saul Niguez hin galchan taphii 3-3 tahe. Gama Riyaal Madriidiiti Raamos itti dabalee 4-3 tahe,gama Atileetikootii ammoo ta Juanfran dhiite utubaa goolii dhooftee itti deebitee taphii 4-3 tahe. Dhiiticha tokkocha hafe Kiristiyaan Ronaaldootti keessa buufatee taphii 5-3 dhumate. Ronaaldoon tana walin dorgommii Shaampoiyoon Liigii sadii moohe;bara 2008 Manchesteri Yunaaytidiif,bara 2014 fi bara 2016 Riyaal Maadridiif moohe. Manaajerii Riyaal Madriid taphataa kubbaa miilaa Faransaay beekamaa, Zinadiin Ziidan.Mala innii dhahetti akka Riyaal Madriid mootu tolche. Mala Ziidan dhaheen;Bale fi Ronaaldoon akka taphattootii Atileetikoo, Grizmannii fi Torres kubbaa hin aarganne dirree wadhakkaa taphachaa deebihaa, dhufaa deebihaa taphatan.Atileetikoon baranallee jaluma geetee waancaan harkaa bahe.
Mala Ziidan dhaheen;Bale fi Ronaaldoon akka taphattootii Atileetikoo, Grizmannii fi Torres kubbaa hin aarganne dirree wadhakkaa taphachaa deebihaa, dhufaa deebihaa taphatan.Atileetikoon baranallee jaluma geetee waancaan harkaa bahe.
Biyya Adda Addaa Irraa Dhufnee Nagaan Waliin Jiraanna: Lammiiwwan Ameerikaa Duula filannoo presidentummaa ameerikaa miilanaa, ilaalchi farra koolu galtummaa Ameerikaa keessatti waan heddummaataa adeeme fakkaata. Garuu hawaasa as Washington DC ala jiru kan gosoonni 130 ta’an keessa jiraatuuf sanyii adda addaa irraa walitti dhufuun yaaddoo utuu hin ta’in cimina. Gareen namoota suraa kaasanii akkaataa jireenya hawaasa guddataa jiruu galmee suraa isaanii keessatti kuufataa jiran. Jalqaba ennaa argamu daandiin km ja’a fagaatu daandiwwan magaalaa kanneen biroo irraa adda hin fakkaatu. Itii dhiyaatanii ennaa ilaalan garuu daldalawwan uummata sanyii adda addaa irraa dhufan kutaa VA Arlington, Columbia Pike bakka jedhamu wal cinatti argamu. Ogeessi suraa kaasu Lloyd Wolf jireenya isaa irra hedduu daandii Columbia Pike cina jiraate. Daandiin kun bara 1810 kan hojjetame ennaa ta’u Washington irraa gara Virginiatti daandii geessu guddicha ture. Erga bara 1970mootaa qabee jedha Wolf koolu galtoota naannoo addunyaa irraa dhufan mara ofitti hawwata. Daandiin Columbia Pike ittumaa jaal’atamaa adeeme. Gosawwan dhibbaan laka’aman kanneen biyyoota adda addaa irraa dhufantu bakka kana walii galteen jiraatu. Kanaafi kan nuti waraabamuu qaba jennee yaadneef. Wolf fi namoonni suraa kaasan afur ka biroo naannoo kana waggoota kudhanii oliif kan jiraatan ennaa ta’u jireenyi uummata naannoo kanaa illee qalbii isaanii hawatee jira. Kanneen akkasii keessaa tokko Claudia Camacho jedhu. daandii Columbia Pike jedhamu irraa mana nyaataa warra Bolivia kan qaban ennaa ta’u naannoo kana waggoota 23f jiraatan. Hedduun jaal’adha. Naannoo kana dhiisanii deemuun hedduu ulfaataa dha. Namoota kutaalee addunyaa garaa garaa irraa dhufantu as jiru. Aadaa adda addaa waliin wal baruufis carraa argatta. Dhugumatti namatti tola. Mohammed Mohammed waggoota 25 dura gara naannoo kanaa dhufan.
Mohammed Mohammed waggoota 25 dura gara naannoo kanaa dhufan. Suuqii isaanii meeshaawwan Itiyoopiaa dhaa dhufan gurguru. Daldalan asitti jalqabetti milkaa’een jira. Warreen adii, lammiiwwan Ameerikaa hidda dhalata Afriikaa, uummanni spaanish, warrea Asia, warra Arabaa fi biyyootii Afriikaa garaa garaa irraa maamiltoota qabna. Kanaaf walii walii keenya beekna. Waan waliin qooddannu qabna. Aadaa fi afaan walii qabajna. Hedduu itti gammanna. Anis baay’een itti gammada jedhan. Naannoon manneen daldalaa xixiqqoon kun keessajiran aadaa fi sanyii adda addaa irraa kanneen dhufan ka biyyoota kutaalee addunyaa irraa dhufan kurna hedduuf keessa jiraatan iyyuu ka ogeessa suraa kaasuu ta’e Lloyd Wolf akka jehudtti ati asii dhufte jechuun wal qooduun hin jiru. Asii martinuu wal make jira. Naannoon kun kan Warra Vietnamii ykn kan Arabaa, kan warra Somaalee jechuun wal qoduun hin jiru. Martinuu waliin jiraataa, waliin hojjeta. Kanaaf hedduu namatti tola jedhe. Yeroo tokko tokko feestivaalli gosoota adda addaa daandii irratti geggeessamuun akka aadaatti fudhatamee jira. Warri Bangladhees feestivaala ofii isaanii asitti qopheeffatu. Garee dhiichisa warra Boliiviyaa 30 ta’antu biyyattii keessa jiru. Gareen kun waggaa waggaatti Lammiiwwan biyyattii kuma sadii ta’antu daandii Columbia pike jedhu irratti wal ga’u, hedduu bareedaa dha. Wlof fi gareen isaa kitaaba mata dureen isaa “Living Deversity” jedhamu projektii seena galmeessaa maqaa daandii Kanaan moggaafame keessatti kuusame maxxansee jira. Lloyd Wolf akka jedhetti kan akkasii addunyaa waliin hirmaachuu barbaanna. Jecha kana yeroo hedduun itti fayyadama. Nagaan kan akkasii fakkaata. Namoonni walii galtee qabaachuu. Kan ta’uun nu irra jiru akkasi jedhe.
No media source currently available
Caamii aduu ba’e,Cheeriin daraare, qilleensii urgaa’e…Washington DC Daawwachuuf namii ya lafatti baafate Dhaamochii dabre,caamii ba’e,fooleen daraaraa urgoofte,mukii baala baase, namii wayaa dhaamoachaa keessaa yaa’ee ta aduu naqatu,laftii dottaatte—Amerikaatti amma laftii Ganna,namii ya daawwii lafa baafate. Kaan footoo kaafataa,kaan midhaaguma lafaa viidiyoon waraabbataa,kaan lafa daawwata, kaan lafa daawwataa namuu gama gamaan wal mixa. Keessumattuu saatii ammaa tana teessoo mootummaa Amerikaa, Washington DC keesatti turistii kuma dhibba hedduutti lafa daawwiif keessa jira. Ammaan tana yoo mukii Cheerii ganna 105n duratti bulchaan teessoo mootummaa Jappaan, Tokyoo Yukio Ozaki hariyummaa mootummaa lamaanii jabeessuuf Bitootessa 12,1912 Washington,DC kenne. Gaafasii jalqabanii yoo mukii Cheerii daraaru Cherry Blossom Festival jedhanii qophii gammachuu hedduu karaa gugurdaa DC irratti qopheessan.Qophii tana nama kuma hedduutti daawwii dhufa. Cheeriin muka damee hedduu,baala addii fi diimaa fakkaatu qabu ka lafa urgeessu. Muka Cheeriin kana Bitootessa 27,1912 haatii warraa pirezidaantiin Amerikaa William Howard Taft fi haatii warraa ambaasaaddera Jappaan, Viscountess Chinda muka Cheerii lama laga Potomaak gama Dhiyaatin dhaaban. Amma mukii Cheeriin kun DC keessaa fulaa sadii jira:Tidal Basin paarkii Potomaak gama Dhiyaa fi Paarkii Potomaak gama Bahaatii(Hains Point),fi naannoo Washington Monument(Soodduu DC) jedhan. Akka dhaabii paarkii US jedhutti dhaamchii dhiyoo tanaalleen Cheerii daraarauu hin dhowwine Cheeriin haga guyyaa 10n dhufaa hinuma daraara. Warra lafa daawwii dhufe keessaa kun akkana jedha. “Guyyaa dansaa ka Cheeriin akka dansaa daraaru guyyaan hin dhumnee isumaa gara sanbata lamaanii akka malee midhaaddiiyyuu seha.” Guyyaan Festivaalii Cheerii baruma baraan jijjiiramaa barana Biotootessa 220-Ebla 17,2016 keessa.
“Guyyaa dansaa ka Cheeriin akka dansaa daraaru guyyaan hin dhumnee isumaa gara sanbata lamaanii akka malee midhaaddiiyyuu seha.” Guyyaan Festivaalii Cheerii baruma baraan jijjiiramaa barana Biotootessa 220-Ebla 17,2016 keessa.
Namii perezidaantii tahu Ammajii 5, 2017 beekamaa Ammajii 20,2017 eebbisanii hujii jalqaba.
Prezidaantiin Yunaayitid Isteets Biyyattii Keessatti Waldanda’insi Amantii Akka Jiraatu Waamicha Godhan Prezidaantiin Yunaayitid Isteets Baaraak Obaamaa, haleellaan amantii tokko irratti geggeessamu, haleellaa mantiilee mara miidhu tahuu hubachiisan. Kaleessa kutaa Mariilaand, magaalaa Baaltimoore keessatti Masjiidha tokko ennaa dhaawwatanitti kana jedhan – Prezidaantichi. Walga’ii hawaasa Islaamummaa ka magaalaa Baaltimore irratti kan haasawa dhageessisan Prezidaantiin Yunaayitid Isteets, haleellaalee shororkeessummaa Paarisii fi San Bernaandinoo keessatti geggeessamanii booda, hookkarri Musliimota lammiwwan Ameerikaatti xiyyeeffate kan isaan yaaddesse ta’uu dubbatan. Masjiidni isaan daawwatan sun illee ka qiyyaafata haleellaa sanaa jala ture ta’uu illee hubachiisanii jiran. Paartii Ripublikaanii irraa ka kaadhimama prezidaantummaaf dorgomaa jiran – Doonaald Traamp, yeroodhaaf musliimota gara Yunaayitiditti godaanan fudhachuun akka dhaabbatuu fi galmeen musliimota biyyattii keessatti galmeessamu akka tolfamu gaafatanii jiran. Paartiidhuma isaanii irraa, dorgomtoonni kaadhimama prezidaantummaa kaan garuu, yaada kana ni balaaleffatan. Musliimni lammiin Ameerikaa hidda dhalataa Paaakistaan – Ahmed Raanaa fi haati warraa isaanii, Prezidaant Obaamaa fi Dimookiraatota irraa dorgomtuun kaadhimama prezidaantummaa – Hillary Clinton, loogii Musliimotatti fuuleffate ifatti mormuun isaanii kan isaan gammachiise tahuu dubbatan. Gurmuuleen fiinxaaleyyii, lammiwwan hawaasa Musliimaa fiinxaalessummaatti hawachuuf carraaqqii godhan dura dhaabbachuuf, akka hoogganoota hawaasa Musliimaa Ameerikaa waliin akka hojjetaa jiran dubbatan – Prezidaant Obaamaan. Kanneen haasawa Prezidaant Obaamaa kana dhaggeeffatan keessaa tokko, ka duraan hakiima beeyladaa turan – Anwaar Chaandirii, “haasaan Prezidaantichaa kan nama jajjabeessu.
Kanneen haasawa Prezidaant Obaamaa kana dhaggeeffatan keessaa tokko, ka duraan hakiima beeyladaa turan – Anwaar Chaandirii, “haasaan Prezidaantichaa kan nama jajjabeessu. Biyya kana keessatti tokkummaa jabaa uumuudhaaf, nutis hawaasa ka biraa gargaaruu, hawaasni ka biraas nu gargaaruu qaba” – jedhu. Lammiwwan Ameerikaa marti, safuu Ameerikaa isa ganamaa, kan akka walabummaa amantii fi wal-danda’uu fi wal-kabajuutti akka cichan waamicha godhan – Prezidaant Obaamaan. No media source currently available
Keessumattuu lafa Yessoo Kiristoon itti dhalate Israahel,Beetliheem keessatti nama kuma hedduutti bahee dhaloota kana ulfeeffate.Beteliheem,lafa Yessoon itti dhalate naannoo Manger Square keessatti ganna dabre Israahelii fi Paalistaayin irratti wal dhababanillee hardha qophiin tun nagumaan dhumatte.
No media source currently available
Perezidaanti Obaamaan ISIS Hinuma Dhukeessina jedha Perezidaanti Obaamaan yoo guyyaa dheengaddaa waan nagaa Amerikaatii fi doorsisa ISIS ilaalchiee TV irratti ummata Amerikaatti waan heddu jedhe:”Sodaa mitii bilisummaatti caala humna qabaa.” Obaamaan ISIS Siiriyaa fi Iraaqi keessaa balleessuuf ittuma duullaa jedhee mirkanse dubbate.Obaamaan eegii dhiirsaa fi niitiin Amerikaa magaalaa San Bernaandiinootti nama 14 qawween fixanii heddu mammadeessan bahee dubbate. ISIS jarii kun deeggartoota keenne jedhe namii Amerikaa ammoo miseensa ISIS jedha. Milishootii Islaamummaa,ISIL milishoota Islaamummaa seera shariyaatiin nama bulchuuf loluutti jiran.Sadaasa dabre qofa Paarisitti bombiin nama fixanii xuyyuura Raashiyaa Masriitti dhanii buusanii, Baangilaadishitit billaan nama wawwaraan. Perzdaanti Obaamaan warra nagaa nu dhowwu hinuma dhukkeesisnaa jedha. “ISILii fi warra nagaa nu dhowwuu fedhu daaraa tolchina.Milkaahinnii keenna dubbii jajajbduu dubbachuu ykn ammoo faaydaa keenna dhiisuu ykn sodaa keessa jiraachuu miti.Warriia akka ISIL faatii waan akkasii fedhan.Nu sunii miti.Qaroomnee, jabaannee, humna haareffachaa jabeenna Amerikaa cufaa qabaachuu feena.” No media source currently available Itti gaafatamaan nagaa biyya keessa Amerikaa paartii Rippaabilikaan, Maaykil Makkool perezidaanti Obaamaan nagaa Amerikaa eeguuf karoora haaraa qabaachuu malee jedha. “Na geetti.Adoo doorisa arginuu akka nama hin arginee hin taanu.ISIS harkaa nama baatee baballachaa nagaa biyya bilisoomtee jeeqaa deemuutti jirti.Torbaan sadii qofa keessatti biyya sadii lolte.” Makooliin torbaan dhufu keessa karaa nagaa Amerikaatiin eeganiin ka nama biyya seenee bahuun tohatan baasee dhiyeessuuf qophii jira.Woma taateefuu mala ISIS lolan irratti paartileen Amerikaa lamaanuu Rippaabilikaanii fi Demokiraati yaada mataa ufii qaban.
“Na geetti.Adoo doorisa arginuu akka nama hin arginee hin taanu.ISIS harkaa nama baatee baballachaa nagaa biyya bilisoomtee jeeqaa deemuutti jirti.Torbaan sadii qofa keessatti biyya sadii lolte.” Makooliin torbaan dhufu keessa karaa nagaa Amerikaatiin eeganiin ka nama biyya seenee bahuun tohatan baasee dhiyeessuuf qophii jira.Woma taateefuu mala ISIS lolan irratti paartileen Amerikaa lamaanuu Rippaabilikaanii fi Demokiraati yaada mataa ufii qaban. Milishootii ISIS Iraqii godina Anbaaritti, Siiriyaa godina Raqqaatti humna jabeeffachaa Liibya,Yemen, Somaaliyaa, Afgahanistaan,Pakistaanii fi naannoo akka akkaatti baballachaa yaahuutti jiran. Perezidaanti Obaamaan ISIS achii baasuuf akka Kongireesiin Amerikaa waranaa hajaju gaafachumatti jiraa taatullee paartiin Rippaabilikaan dubbii tana mariitti hin dhiyeessine.
Chaaynaan eegii guyyaa jahaan duratti milishooti Islaamummaa hoteelii Maalii tokko keesatti nama fixaniin duubatti milihsoota sunitti duuluuf karoora qabdi.
Aabba Dabbasaa Guyyoo,Jaarsii Argaa-Dhageettii Beekamaan eegii Naayroobii dhabanii ji’a tahutti jira Abbaan Liiban(Dabbasaa Guyyoo) Eezhiyaa, Amerikaa, Awurooppaa fi biyya akka akkaa irra maree Argaa-Dhageettii, seenaa fi Gadaa barsiisuun beekama. Naayroobii keessaa mana barumsa aadaa fi seenaa itti barsiisan qaba.Abbaan Liiban jaarsa ganna 63.Taltallee, Yaaballotti guddatee ganna achii bahee Keenyaatti gale. Ganna 35 caalaa Naayroobii jiraate achumatti ijoolleellee hore.Abbaa ijoollee jahaati. Fulbaan 27,2015 Irreechaa 2015 Naayroobiitti qopheessan irra oolee galee manaa bahee achumaan dhaban jedhan.Du’aa fi jireennalleen barbaadii ittuma jira. Nama hedduutti jaarsa kana marsaa inteneetii akka akkaa fb fi waan hedduu irratti jaarsa kana walaloo fi barreeffamaan waan hedduu jechuuniitti jira. Mootii,(Takkaa_Dhiira Keessaa) akkana jettee Yuniversitii Hebriwu, Jerusaalem Israahel irraa aabbaa Dabbasaa walaloon faarsite. Abbaan Liiban Abbaa warraati Abbaa karraati Abbaa gosaati Abbaa golaati Abbaa lammiiti Abbaa Darmiiti. Mullata akka gaaraa\nBarsiisa akka haadhaa Wa beeka akka raagaa Argee dhageessisaa Dhagahee barsiisaa. Aadaa fi Gadaa tenna Amerikaa,Eezhiyaa Awurooppaa irraan martee Addunyaa waliin geette. Aabba Abbaa Liiban\nGalata gosaa qabdaa Fagootti wa laalte Fagootti wa laalte Duruu qaroo dhalatee Eegree teenna agartee. Diqqaa guddaatti sirraa baratee Namuu ufii fi waan ufii beekee Hubatee mamaa baafate. Aabba Abbaan Liiban Jaarsa Argaa-Dhageetii Hardha guyyaan kankeetii. Jabeenna dhiiraa Wa sadiin beekan.
Jabeenna dhiiraa Wa sadiin beekan. Abbaan Liban Abbaa dheedaati Abbaa reeraati Janna guyyyaa lolaati Qaroo guyyaa koraati Tolaa guyyaa dhiphuuti. Dabeessaan maluu didee Daalleen malachuu didee. Aabba Dabbasaa Yoo jiraate si arganna\nYoo dhamnelle hin sabrinaa Hujii teetiin si faarsinaa Dhaloota dhufutti dabarsinaa. Qaroomaa,eennummaa fi faaya Gadaa teenna Dabballee,Gammee,Raabaa fi Gadaa taatee Ganna 63 keessatti addunyaa barsiifte Kuma hedduun dammassite Ilmaa_Intala gudeedaatti dabarsite. Namuu hujii teetiin si faarsaa Maqaa jabaa jabeessaa Aadaa fi seenaa innii jalqabe Gabbisaa lachiisaa. Mootii,(Takkaa_Dhiiraa Keessaa) Hebrew university, Jerusalem, Israel
Rakkoo Godaantootaa fi Baqatootaa Korri walii gala kan Tokkummaa Mootummotaa inni 70ffaan magaalaa New York keessatti gaggeeffamaa yeroo jiru kanatti Kora walii gala cinatti walgahii gaggeeffaman ka biroo keessaa tokko kan ta’e waa’ee godaantootaa fi baqatootaa irratti mari’atee ture. waggaa darbe keessa qofa uummanni Miliyoona 60 caaluu dirqamee manaa fi jireenya isaanii irraa godaanuu isaanii kan ibsan barreessaa dureen Tokkummaa Mootummotaa Baan kii Moon kaleessa immoo waa’ee godaantootaa fi baqatootaa kan ilaaleen yaaddoo qaban hogganoota addunyaa waliin mari’atanii jiru. Yeroo Loola waraana addunyaa isa lammaffaa sana caalaatti amma godaansaa fi fixiinsa uummataa dhaqqabe jedhan Ban Kii Moon. Waa’een Godaansaa furmaata argachuu isaa dura itti gaafatama jiru hojii irra oolchuuf ibsa ejjennoo fi qajeelfama akkaataa itti hojii irra oolfamuu isaa qabxii 8 of kan of-keessaa qabu ba’uu isaa Baan ki moon ibsanii jiru. Furmaanni godaantootaaf filatamaa ta’e fedhii isaaniin kabajaan isaanii eegamee haala nagaa ta’e keessatti qe’e ofiitti akka deebi’an gochuu dha. Wal waraansaa fi gidiraa dhaabuuf hojii keenya jabinaan itti fufuu qabna. Garuu walitti bu’insi halkan tokkotti kan dhabamuu danda’uu miti jedhu. Hogganoonni addunyaa rakkoo uumameef qophaa’uu qabu jechuun waamicha kan dhiyeessanTokkummaa mootummotaatti Ambaasadarittiin yunaaytiid Isteetes Samanta Powers waan ifa gochuu qabnuutu jira. Innis waan hojjataa jirru hundumtuu akka arginuutti qubsaa miti. Waan barbaachisu attamitti sossoofnee akka itti gargaaramnu, hin barre. Dhaabatootii dhuunfaas ta’e namoota dhunfaa hirmaachisuu hin dandeenye. Amerikaan aadaa godaantoota simachuu akka qabdu ibsanii, kanneen rakkooo jalaa miliqanii dhufan gargaaruu fi akkasumas bilisummaan isaanii akka kabajamu gochuun harka keenya diriirfannee simanna kan jedhan samantaa powers kanas gidiraa hedduu keessa darbanii Amerikaa kanneen dhaqqaban dhugaa nu ba’u jedhan.
Amerikaan aadaa godaantoota simachuu akka qabdu ibsanii, kanneen rakkooo jalaa miliqanii dhufan gargaaruu fi akkasumas bilisummaan isaanii akka kabajamu gochuun harka keenya diriirfannee simanna kan jedhan samantaa powers kanas gidiraa hedduu keessa darbanii Amerikaa kanneen dhaqqaban dhugaa nu ba’u jedhan. Yunaaytiid Isteetes gargaarsa dhala namaaf kan oolu Doolaara Biliyoona 4.5 arjoomtee jirti. Kunis kanneen walitti bu’iinsa siriyaa keessaan midhamaniif oola.Kana malees Doolaara Miliyoona 400 fi Miliyoona 78 lammiwwan Iraaq kanneen jireenya ofii irraa buqqa’aniif laanne. Kanaaf addunyaa irratti gargaarsa dhala namaa guddaa biyya arjoomtee taanee jirra jedhu Prezidaant Obaamaan amma akka labsanti jedhan baqatoota kuma 85 bara dhufu addunyaa irraa simachuuf akkasumas/ kuma 100 waggaa isa itti aanuutti simachuuf jirra jedhan Samantaa Paawoors. Akka dhiyeenya kana mul’ataa jiru galaana Medtraaniyaan fi iddoo adda addaatti lubbuu namaa du’an dhabamaa jiru oolchuuf/ yaalii ta’aa jiru kan jejee walga’iin kun kaayyoon walgahii kanaa hirmaannaa addunyaa jajjabeesuuf akka qophaa’e ibsamee jira. No media source currently available
Perzdaantii Liibiyaa eegii mootummaa isaa hujii irraa bu'ee magaalaa Sirtee keessatti ijjeesan.
Walabummaan Presii naannoo addunyaa gad deebi'e jedhu gabaasaaleen United States walitti aansuu dhaan biyyootii kanneen doorsisa gareelee finxaaleyyii kanneen akka al shabab jala jiran haala ittiin gargaartu keessa deebi’uun xiinxaltii jedhu dhimmootii Afriikaatti itti aantuu ministrii dhimmi alaa US Linda Thomas-Greenfield dubbataniiru. Jiloota daawwannaa Kery keessaa tokko kan ta’an Thomas-greenfield akka jedhanitti milkaa’ina gamtaa Afriikaa fi humnootiin US argatan al-Shababiin bakka gad dhiisisaa jira waan ta’eef gareen kun yeroo ammaa haleellaa inni geessisaa jiru daangaa bal’ifachuu irraa gara ofi irraa ittisuutti jijjiiramee jira jedhan. Tattaaffiin Kenya fi biyyootii ka biroo Somalia dhaa alatti geggeessamu kan inni agarsiisu soda gareen kun qabuuf walitti fufiinsaan kan isaan barbaadan naannolee dadhaboo ta’ani. Us al shabab irratti haleellaa xayyaara nam maleeyyii raawwachuu dhaan loltoota gamtaa Afriikaa deggertee jirti jedhaniiru. Kerryn Kenya daawwachuun immoo daawwannaa president Obaman baatii Adoolessaa keessa Nairobitti geggeessaniif haala ka mijeessu. Daawwannaan isaanii kun gumii hojii daldalaa kan daldalaawwan gareelee naannoo addunyaa fi mootummoota waliin wal qabsiisuu irratti fuuleffate irratti argamuuf jecha. Kunis kampanileen US Kenya keessatti babal’achuuf carraa dha jedhu Thomas-Greenfield guddinni Kenyaan agarsiisaa jirtu akkaan ol aanaa ennaa ta’u gumiin hojii daldalaa Adoolessa keessa Kenyatti geggeessamuuf jirus ardittii keessatti Kenyaan dinagdee dagagsuun qooda isheen qabaatteef beekkannaa kennuuf jecha. United Statesf iddoo buufta waraanaa ta’uutti dabaluu dhaan dhiyaanya immoo namoota biyyoota ka biroo hookkara Yemen jalaa dheessaniifis iddoo buufataa ti. Biyyattiin buufata doonii ijoo ta’uu ishees waalta gumii Atlaantikiif directora kan ta’an Peter Pham dubbataniiru.
Peter itti dabaluu dhaan Jibuutiin dimokraasii fi bulchiinsa gaarii gama diriirsuun US biraa gargaarsa argattee jirti jedhan. Biyya tasgabbii qabu dha garuu biyya dimokraasiin keessatti diriire miti, ifaas waan hin taaneef tasgabbiin kun hagam turuu danda’a inni jedhu kan wal gaafachiisu. Gama biraatiin immoo torban lama dura ministrittiin dhimmi alaa US Wendy Sherman ministeera dhimmi Itiyoopiyaa Tewdrso Adanoom waliin erga wal arganii booda biyyi isaanii filannoon Itiyoopiyaa geggeessamuuf jiru kan haqaa fi walabaa ta’a jettee abdatti, jechuu dhaan biyyattiin yeroo filannoo haala gaariin geggeessuu isheef dimokraasii biyyattii keessa jira jedhaniif galateeffataniiru. Ibsi isaanii kun garuu dhaabolii mirga namaa kan akka Freedom House fi HRW gabaasa isaan mirga namaa fi dimokraasii biyyattii keessaa ilaalchisuun baasan waliin kan wal dha’u jechuu dhaan Joonii Kaarsen`gorsaa adda waaltaa nageenyaa US kan ta’an Johny Carson yaada gama isaanii akka kennaniif gaafatamanii: wendy Sherman ministrii dhimmi alaa keessatti dhimmi imaammataa irratti nama hojjetan akkasumas kabajaa qaban waan ta’aniif yaada isaan kennan irratti kallattiin yaada kennuu baadhuus kan ani jechuu danda’u tokkichi jedhan Joonii Kaarsen: Kan ani jechuu danda’u tokkichi Itiyoopiyaan aadaa dhumaan michuu cimtuu ameerikaa ti. Kurna darban keessa gama dinagdee fi hawaasaan akkasumas gama siyaasaan fooya’ina guddaa argamsiistee jirti. Guddinni ishees itti fufee jira. Ityoopiyaan gaanfa Afriikaa keessaa biyya barbaachistuu, United States-fis biyya baraachistuu dha jedhu Joonii Kaarsen. Kerryn Afriikaa daawwachuu isaanii duran Caamsaa 2 Sri Lankatti goruu dhaan angawoota mootummaa, miseensoa hawaasa sivilii fi bakka buutota hawaasaalee adda addaa waliin wal arguuf jiru. Erga bara 2004 qabee ministeera dhimmi alaa US Sri Lanka daawwatan isa jalqabaa ta’uuf jiru.
Erga bara 2004 qabee ministeera dhimmi alaa US Sri Lanka daawwatan isa jalqabaa ta’uuf jiru.
Bulchiinsii Magaalaa Minisootaa,USA Aadaa fi Eennummaa Oromoo Jabeessuuf Jedhee Karaa Tokko Oromo Street,Karaa Oromoo Jedhee Moggaase Dubbiin MN keessatti maqaa Oromootiin karaa moggaasuuf murteessan tun qaraa akka yaadaatti dhiyaatte eegee koree bulchiinsa magaalaa irra maraa dhuftee Ammajii 12,2015 yaada ummataalle irratti caqasan. Yaada kanaan duubatti ammoo Koomishiini Karoora magalaa Minniyapoolis yaada kana fudahtee akka Oromoo MN keessatti maqaa ufiitiin karaa aragattu murteesse. Karaan Oromo street jedhan kun 4th Street South Cedar Avenue fi 15th Avenue South jedhan jiddu jiru kun MN wadhakkaa jira karaa gugurdaatti itti wal qaxxaamuraa Ebla keessa eebbisiiuuf qophi jiran. Namii akka Oromootiin maqaa moggaasan yaada dhiyeesse, Miseensa Mana Marii bulchiinsa magaalaa Minniyapoolis,Abdii Warsameeti. Qooda Oromoon magaalaa tana keessaa qabaniif galateeffachaa, biyya itti horanii ijoollee itti guddifatan keessaa akka qoodallee qabaatan tolchuuf jedha. “Ani ummataa Afrikaa hedduu bakka bu’ee hojjadha.MN keessa ummata Afrikaa hedduutti jira.Ummata Afrikaa ani bakka bu’u gugurdaa keessaa tokko Oromoo. Ummati kun aanaa anii jiraadhu, naannoo Brooklyn fi MN gama gamaan keessa jiraata.Aadodo jaarrolee Oromoo,ijoolle kahimaa fi nama akka akkaatiin wal mari’adhu fedhii isaanii arge.” Miseensii Mana Marii Warsameen yaada kana koree isaaniitiin gahee fudhatama argateef. “Eennummaa isaanii[Oromoo] afaan isaanii qooda isaan magaalaa tana keessaa qaban agarsiisaa,qooda isaaniillee magaalaa tana keesstti guddisuuf maqaa isaanitiin moggaafne.” Tana caalaatti ammoo akka miseensa mana marii MN Abdii Wasameetti namii alaa MN dhufulleen qoodii Oromoon magaalaa tana keessaa qabduu beekaaf. “Akka Oromoon caalaa mullattuuf,caalaa qooda qabaattuuf.Tun anaaf waan guddaa,saba Oromo ani bakka bu’elleef akkasuma waan guddoo.Magaalii kun teenna isaan jechisiisa.Ilmaan isaani asitti dhalatan,asitti guddatan---tanaafuu aadaa fi afaan isaanii jabaatanii guddachuuf qaban.” Namii yaada kana falmee jiraa jennaan ammoo; namii falmee hedduun hin jiru taatullee wanti jalqabee hojjachuu malan hin jirtuu?Ka jedhelleen hinmuam jiraa jedha.
“Nuuf wantii guddoon eennummaa namaa mirkaneessuu,huji isaatiin galteeffachuu afaani fi aadaa isaatiin faarsuu,qooda isaan magaalaa keessaa qaban mirkaneesuun waan jabduu.” Fkn akka miseensa mana marii kanaati biyya cufa keesatti sabii toko qooda biyya sunii keessaa qabaatu qaba. London,USA fi biyya hedduutti naannoo maqaa sabaatiin yaamanaitit jira “Namii maqaan Oromoo MN keessattti barreefamu arge, Oromoon eennummaa Oromoo, seenaa Oromootii fi waan Oromoo hedduu beekaaf.” Woma taateefuu karaan maqaa Oromootiin moggaasan kun akka jecha Miseensa Mana Marii bulchiinsa magaalaa Minniyapoolis Abdii Warsameetti yoo cabbiin MN dabarte gara ji’a lamaa sadiin duubatti akkuma hawaasii Oromoo MN fedhetti eebbissiisani hujii jalqaban.Akkamit ulfeessnai eebisiisan jennaan “Ijoollee,jaarrolee fi maatii walti yaamanii eebbisiisan.” Miseensii Mana Mari magaalaa Minniyapoolis bara 2013 keessa nama bara dheeraa fi miseensa mana marii magalaa Minniyapoolsii tahee hojjachuu bahe, Robert Lilligreen moo’ee hojjachuutti jira. Paarti Abdii, DFL,Democratic Farmor Labor Party jedhan paarti Demokiratik waliin hojjatan. Paartii tun MN keessati guddo beekamti. Paartii tana keessaa bulchoota zoonii MN sadii,Senetii USA afurii fi bakka buutota USA sadiitti filame. Paartii MN seera baaftu hedduu paartii tana keessaa filaman.Warsameen abbaa warraatii intala dubraa tokkoo qaba. Abdii warsame Somaaleetti dhaltee Londonitit guddate yuniversitii UK gara garaa keesatti baratee nama ganna 40 jalatti dhiyaachuutti jiru. Itti gaafatamaa Hawaasa Oromoo MN,Obboo Hassan Huseeniif ammoo Oromoon MN keesstti maqaa ufiitiin karaa argachuun gammachuu akka inni aadaa isaa dabalee guddifatu tolcha. Karaa kana irratti maqaa fi eennummaa ufiitii irratti barreeffachuu fi qophii gara garaa itti qopheeffachuun,aadaa ufii mullisuun eennummaa Oromoo guddisaa, maqaa Oromootiin mallattoo qabaachuun waan nama gammachiisaa jedha.
Karaa kana irratti maqaa fi eennummaa ufiitii irratti barreeffachuu fi qophii gara garaa itti qopheeffachuun,aadaa ufii mullisuun eennummaa Oromoo guddisaa, maqaa Oromootiin mallattoo qabaachuun waan nama gammachiisaa jedha. Gama kaaniin ammoo bulchiinsii Magaalaa Minniyapoolsi Somaalleellee MN keessatti Somali Street jedhee maqaa isaaniitiin karaa moggaase. Karaan Somali Street jedhan ammoo 6th Street fi Cedar Avenue haga 15th avenue South jedhanm jidduu jiru. Bulchiinsii magaalaa Minniyapoolis karaa MN keesatti Oromoo kenne kana gaafa cabbiin dabarte eebbisiisuuf qophii jira. No media source currently available
Dorgommii Fardoo Amerikaa DC-tti dorgoman Nama New Yorkitti Moo'ee,Atileetoti Itoophiyaa, Maratoonii Addunyaa Moo’umatti Jiran Amerikaa Waashingiton DC,istaadiyoomii Verizon Center jedhanitti dhiyoo tana fardoo fi teettoo fardaa bebeekamuutti dorgommi muka kutan ta International Horse Show jedhaniif walti dhufe. Onkololeessa 21-26,2014 teettoo fardoo Amerikaan,farada qolchaa addunyaa bebeekamootti dorgommii International Horse Show jedhan 56essoo irratti wal dogomuuf istaadiyoomii Verizon Center jedhanitti walti dhufee dorgmuuf awwaaraa kaasaa bahe. Fardoo adamoo,fardoo muka kutuun beekaman fi fardoo ijoolleen didqqoon mukaan kutanilleen keessuma jira. Dorgommii tana Makleyin Wardi nama ganna 39,duruu marroo 44 Amerikaa fulaa bu’ee dorgommi akka akkaa deemetti NY dhufee moohe. Fardoo tana lafa haga metiri 100 irra muka dagalee sadii qabu wal irra naqanii dorgoman.Mukkeen wal duraaa duuba,mirgaa bitaa dhaaban.Fardii tokko muka dagalee 15 kuta.Daqiiqaa tokko gaditti yoo maree fixe cufa kute qabxii dansaa argata.Mukii hagii tokkoo ejjata 5-9 fa gargar fagaata.Fardii tokko muka dagalee 15 keessaa yoo tokko ittti gufate buuse qabxii 4 irraa kutan. Dorgommii maqaa perzdaantiin kennan tan Maakneelitti moohee doolara kuma 125 argate.Namii kun Olompikii Greecee fi Beejingitti warqii badhaafame.Baranallee isatti muka haga metiri lama tahu kutee moohe. Warra dorgommi ijoollee moohe keessaa tokko intala ganna 12 Alex Carloozii guddoo gammadee fardi kiyya kun farda ajaahibaa ka waan mamaa hojjatu jettee frdaa irra buutee mataa fardaa isaa qaqqabachaa faarsite. Dorgommiin WDC tun 56essoo.
Dorgommiin WDC tun 56essoo. Kilabootii Dorgommii Baseball Amerikaa Lama Shaampiyoonaa Roobii Dhuftuutiif Dorogmmiitti Jiran World Series, dorgommii waacnaa baseball Amerikaati,Roobii dhuftu dhumataa kilabii Sanfransisco Gitanstii fi ta Kansas City, Royalsitti walti hafe Guyyaa dheengaddaa K Gi’antis Rooyalsi 5-0 moohe.Giantis ganna lamaan duraa waliin marroo torba waancaa moote.Royalsiin Kansas City Royals ammo haga ammaatti marroo tokko moote.Sunu ganna 31n dura. Taphataan Kubbaa Miilaa Barseloonaa Beekamaan,Luyis Suharez Ya Dorgommiitti Deebi'e Taphataan Kubbaa miilaa addunyaa beekamaan Lu’is Su’arez nama ciniinee tapha irraa dhaaban amma ya taphatti deebisanii akka nama hin ciniinnee wallaansa argachuutti jira jedhe.Haga tapha dhaabe kanatti adoo hadheeffadhuu liqmsaa adabbii fudhadhee liqimsee jedhe. Su’arez nama ganna 27ti tapah isaa jalatani doolaa miliyoona 75tin bitatan.Taatullee tapha irratti ilkaaniin namatti gama. Amala nama na ciniinsisu kanaa fala adansaa argachuutti jira jedha. Atileetiksi Atileetotii Itoophiyaa Onkololeessa 26,27,2014 dorgommii addunyaa moohumatti jiranii dhiyoollee Frankfurt,Germany,Portsmouth,UK,Xaliyaanaa fi biyya akka akkaatti moohuutti jiran.Frankfurtittt Aberru Kebbedee tokkeessoo,UK Portsmouthitti,Belaaynesh Oli-Jiraa, Xaliyaanatti ammoo Beahyilu Maammoo fi Qonjit Xilahunitti moohe. No media source currently available
Perezdaantiin Keeniyaa Waan Manii Murtii Addunyaa, ICC-n Himaten The Hague Dhaqee Caqafate Uhuuruu Kenyaataa,perzdaantiin Keenyaa bara 2007 fi 2008,bara filannoo biyya isaanii kaan gosa wal aasise jedhani hiamtan. Wanjala gugurdaa shaniin himatan. Waraanii gaafasii sun nama 1,100 dhumate nama kuma 500 tahutti baqate. Yo hardha innii mana murtii wanjala adunyaa qoratu The Hague,Nezeralandis jiru gahetti warri isa deeggaru bahee simate. Saatii sadeen mana murtiitti ture sunitti waan himataniin caqasuu malee xuphii xuphuriin afaanii hin baane. Womaallee hin dubbanne.Taatullee namii seeraan isa gargaaru abukaatoo isaa,Steven Kay wannii Hurun himatan guutama hin qabduu jedha.\n\n"Uhuruun balleessaa hin qabdu jechuun malan.Maan jennaan namii isa himachuutti jiru hin jiru. Wannii himataniinillee dubbiin faana walii jirtu ta himataninileen hin jirtu.Namii balleessaa tanaan isa himachuutti jiru hin jiru.Tana akkuma ufi beeku kana beeka.Ragaan himataniin hin jiru.Yoo ragaan jiraate himatan.”\n\nAbukaatn isaa dubbiin Uhurun himatan tun qaata jiddee jedha.Abbootiin alangaa Uhuru hiamtan ammoo mootummaa Keenyaatti beekuma beekaa ragaa bilbilaa,qaraxaa fi galmee Baankii balleessee ragaa balleessee jedhan. Ogeessii himata-seeraa ka akka Benjamin Gumpent ragaa jiru walti guuruun dubbi wal xaxaa waan fidduuf dubbiin tun guyyaa haga hin beenneef duratti siiquu malte jedha.
Ogeessii himata-seeraa ka akka Benjamin Gumpent ragaa jiru walti guuruun dubbi wal xaxaa waan fidduuf dubbiin tun guyyaa haga hin beenneef duratti siiquu malte jedha. "Seerinuu tanatti hin gammadu—manii murtii dubbii tana afaan seeraatiin dubbachuuf yoo biyyiti innii keessa jiru akka inni hin himatamne tolchitee ragaa dhowwate garii deeman hin jiru.Akkas taanaan seerii faaydaa dhabee jedhe.”\n\nAbukaaton jara namii irraa dhumee Fergal Gaynor ammoo dubbiin tun gara deemu dhabde jechuun dhiigi jara namii irraa dhumee faaydaa dhabaa jedha\n\n"Haadhaa,abbaa,obboleessaa,obboleettti irraa dhume.Marroo hedduu giddeessanii bira rafan, jiroo gubanii,qabeenna isaan Naivasha fi Nukuru keessaa qaban.Seerallee dhabanii seera mootummaa Kenyaataa irraa dhabaniifillee isaanummaan ufumaan itti rakkachuu malanii? ibidda itti naqan.”\n\nAkka jecha abbaa alangaa addaa Keenyaa Tithu Muuygiyaatti itti mootummaan haga dandahutti ragaa manii murti gaafate ya dhiheesseef.\n\nPerezdaatniin Keenyaa Uhuru Kenyaataa perzdatnii adoo hujii irra jiru manii murtii addunyaa ICC wanjalaan himatee mana murti dhiyeessa ka qaraati. Jabeennii mana murti kanaa nama kana himachuu dandahuu fi dadhabuun isaa tana irratti laalama.
No media source currently available
Addunyaan Kora Tokkummaa Mootummootaatiif New York jirti, Perezdaanti Obaaman Bulchotii Addunyaa Rakkoo Addunyaa Faluuf Guddo Hin Hojjanne Jedhe Addunyaan kora Tokkummaa Mootummootaatiif, New York,Amerikaa jirti.Kori kun 69essoo. Perzdaanti Obaamaan kora hardhaa irratti waan addunyaa rakkise hedduu maqaa dhahe. Waan jara biyya nagaa dhowwuu,waan jara waan ufi giddiin namatti fahuu,dhukkuba Ebolaa, hujii nukilera Iraan,daba Raashiyaan Ukrian irratti fidee fi waan hedduu. Addunyaan waan hedduunn rakkachuutti jiraattullee akka jecha perzdaanti Obaamaatti addunyaan gamuma gamaan diqqaattu guddattu abdii horachaa deemuutti jriti miliyoona hedduutti hiyyma jalaa bahaa abdii horachaa deemuutti jira. “Hardha feetu Amerikaam NY jiraadhu feetu mana akkoo tiyya ta Naayroobi irraa km dhibba hedduu fagaate jiraatu keessa jiraadhu fuluma feete jiraadhuu odeeffannoo laabreeii addunyaa gugurdo keessaa hin arganne harkaa qabda.Hardha akka dhukkuba irraa fayyifnu beenna,akka humna aduuti fi bubbeetiin elektiriki galfannu beenna.Yoo hedduu nama Amerikaatiin saatiin dhalachuu malan ta qaroomii guddate tana keessa jedhaan.” Taatullee addunyaa mi’ooftuu tana waan hedduutti rakkisuutti jira.Yoo biyyootii humna qaban biyya didiqqoo caccarassan yoo abbootii irraa warra humna laafaa irra yaahan, ka namii abdi dhabee dukkanatti ila baasu akka addunyaatti waadaa galle kaan hin guunnee jedhe. “Saatii nu eegatanitti yo hedduu addunyaa seeratti deebisuu dadhabne,yo namii wal obsu dadhabee humnaan wal bulchu,amantiin wal fixu,yoo namii abdii dhabee namii wal fixuuf walti baafatu haga silaa hojjachu malle hin hojjanne.Yo namii akka hori buuse wal qalu itti lakkisuu hin malle.Akka ijoolleen teenna addunyaa abdii qabdu keessatti dhalatan tolchuuf hojjachuu malle.” Perzdaanti Obaamaan waaqii akka namii wal fixu fedhu hin jiru jedha.
“Wannii lammeessoo ta ani jabeessee jechuu fedhu ammoo addunyaan keessattuu hawaasii Musliimaa yaada jara akka Al-Qaayidaa fi ISIL ykn BOKO Haram fa jabeessee irraa fudhachuu diduu male.Yaada jara kana ka nama fixu,amantiin nama walti naqu guyyaa adiin irratti dinnee jennaan yaadii isaanii irraa jiga.” Ergaa perezdanti Obaamaan daragaggoota Musliimaatii dabarse. “Ummatii isan keessaa dhalattan ummata wallaala caala,barsumsaa fi dandeettii ufi guddifachuu jaalatu,nama fixuu fi wa balleessuu caala,ummata lubbu nama ulfeessuu keessaa dhalattan.Jarii kana jibbu tana keessaa isan baasu fedha. Tanaafuu amala keessa dansaa jabeeffadhaa.” Perzdaanti Obaamaan waan ISIL irratti akkana jedha. “ISIL laafifnee barbadeessuu malle.Jari kun jara haadhaa fi ilmee maatii gargar baase nama amantiin fixu.Taan ammoo lola amala nutti tahe ka addunyaa tana raasuutti jiru dhaabu.Biyyootii Arabaa akka namii isaanii dandeetii waaqii isaaniin kenne guddifatu tolchuu hojjachuuf qaban.” Tana maleellee perzdanati Obaamaan Amerikaan karaa sodaa caala karaa abdii,ka jibba caala karaa jaalalaa filattee abduma tanaan caarraa 21esso kanallee seenne jedhee waan dhiba EBOLA dubbate. “Yoo ani amma isan dura dhaabadhee dubbadhu kana Amerikaan doktorooraa fi sayintistoota isii dhibba hedduu waraanallee itti dabaltee dhiba Ebolaatiin wallaanuuf Afrikaatti erguutti jirti. Dhukkuba nama kuma hedduu qabachuuf deemu, ka jirenna namaa,jireenna biyyya diigee achii ammoo biyyoota addunyaa waliin gahuuf deema kanaan wallaanuuf addunyaan itti wal gargaaruu malte. Haga dhukkubii kun namaan bahutti waaninnii fagoo jiru fakkaata.Taatullee tun rakkoo addunyaati.”Taatullee Amerikaan akka jecha perzdaanti Obaamaatti,biyyoota gara garba Paasifik jiran akkuma durii dura dursaa nagaa fi guddinna labsaa deemti.
Haga dhukkubii kun namaan bahutti waaninnii fagoo jiru fakkaata.Taatullee tun rakkoo addunyaati.”Taatullee Amerikaan akka jecha perzdaanti Obaamaatti,biyyoota gara garba Paasifik jiran akkuma durii dura dursaa nagaa fi guddinna labsaa deemti. Hagasittuu akka biyyooti rakkoo isaanii nagaan falatanii fi addunyaan seeraan bultuu namuu jabeenna waaqii isa keessatti uume guddifachaa addunyaan abdii qabdu qabaannu haa hojjannuu jedha.
No media source currently available No media source currently available
Dorgommiin Waancaa Kubbaa Miilaa Addunyaa Guyyaa Afressoo Keessa Jirtii USA, Gaanaa 2-1 Moote WASHINGTON,DC — USA-n Gaanaa 2-1n moonaan namii Washington,DC gammachuu karaatti baafate. Dorgommii waancaa kubbaa miilaa addunyaa Biraazilitti itti jiran hardha,Waxabajjii 16,2014 waliin guyyaa afresso keessa jirti.USA waan Gaanaan bara 2006 fi 2010 mooteef haaloo baatee barana Biraazilitti 2-1 moote. Gooliin qaraa eegii tapha jalqabanii sekondii 32esso irratti Clint Dempsey Amerikaa galcheef. Gaanaan waan rifuun qaxi jettu fakkaattullee akkuma galii kinniisaa kaan dirree kubbaa miilaa USA baafattee namicha Amerikaa goolii eeguu kubbaan dhaanuutti dabarte. Tanuma jidduutti taphataan Amerikaa dirree gama mirgaatii dura taphatu, Jozi Altidore adoo kubbaa Michael Bradley jidduu dabarseef dhaqqabachuuf fiiguu ribuun sarbaa bitaattii oli rifattee daqiiqaa 21eessoo tapha keessaa bahe.Yoosiyyuu USA-1-0 Gaanaa dura jirti.Innii bahee jennaan Aron Johannsson itti jijiiran. Daqiiqaa 32essoo irralleetti taphataan Amerikaa goolii qaraa galche Clint Dempsey isalleen funnaan keesaa dhiitanii funuuna haqachaa dirree keessaa bahee akkuma taheefuu dhiiga haqachaa itti deebihe. USA-n Gaanaa 2-1 moonaan namii akkana gammadee karaatti yaahe Tan jidduutti Gaanaan humna qabdu cufaan USAtti baafatte.Tim Howard, ka USA goolii eeguu kubbaa ijoolleen Gaanaa dhiittu ta akka rasaasaa xiixaa yaatu mirga bitaatti jijjigaa qabachaa haga daqiiqaa 70eessoo cufa goolii irraa dhowwate. Taphattootii USA ta akka Kyle Beckerman fi Jermaine Jones kubbaa Gaanaa jidduu dabartee akka isiin gara gooli USAtti hin dhiyaannee dallaa sibiilaa itti tahan.
Taphattootii USA ta akka Kyle Beckerman fi Jermaine Jones kubbaa Gaanaa jidduu dabartee akka isiin gara gooli USAtti hin dhiyaannee dallaa sibiilaa itti tahan. Akkanuma jechaa daqiiqaa 82eessoo irratti taphataan Gaanaa Andre Ayew kubbaa samoah Gyan gama itti kennee dhaqqabatee Gaanaa goolii galchee taphii 1-1 tahe. Daqiiquma afuriin duubatti gurbaan Amerikaa ka ganna 20,ka guddoollee hin beekamne Brooks John kubbaa Graham Zusi gamaa dhiiteefitti kuruphatee goolii Gaanaa keessaa buuseef. Adoo Gaanaan ammallee dabaltee wanti hamtuun akka bara 2006 fi 2010 isiin Amerikaa tolchitee kaanitti dabalama jedhani eegani taphii dhumatee.Namii Ameirkaa Waashington,DC jiru fi TV daawwatullee “U-S-A!U-S-A!” jechaa biyya isaa faarsaa karaatti baafate. Dorgommii USA fi Gaanaatti akkana nama gammaciise Gareen Amerikaan keessa jirtu groups of death ykn garee akka du’aa nama sodaachiftu jedhanii Waxabajjii 22 Poortugaalii Jeramniin 4-0 baafte taan waliin taphatti.
Tamuufuu qorannoo poolsii Swissi irra wan jiraa qulqulleeffachuu wayyaa jedha obboleessii isaa kun.Gargaraan paayleetii Itoophiya kuyn balleessaa irratti arginaan haga ganna 20 hidhamuu dandaha.
Nama miliyoona hedduutti dhaamochaa fi cabbii akkanaatiin rakkate Dhaamochaa,cabbii fi bubbeen tun jireenna nama miliyoona 200 kaan hujiii irraa oolchaa,kaan karaa irraa oolchaa,kaan ammo ammoo barnootaa fi haajaa isaa hedduu irraa oolchite.
Hasawaa Prezidaant Obaamaa fi Gumii Tokkummaa mootummotaa No media source currently available
Wal Hubannaan Yoo Jiraate Hookkarri Ka’uu Hambisa No media source currently available
Ayyana Dhalata VOA Raadiyoon Sagalee Ameerikaa kan itti hundeeffame waggaan toorbaatamaffaan as Galma Waajira Raadiyichaatti ayyaaneffamee jira. Yeroo Waraansa Addunyaa lammaffaa naannoolee Naazii Jarmaniin qabatamanitti oduu tamsaasuuf jecha Mootummaa Yunaayitid Isteetsiin kan hundeessame Raadiyoon Sagalee Ameerikaa, “Here Speaks the Voice of America” yokaan “Kunoo Sagalee Ameerikaa tu isinitti dubbata” jechuun jalqababe - Afaan Jarmaniitiin. Yeroo mara sa’aa kanatti oduu waa’ee waraanaa isiniif fidna. Oduun dhufu gaariis tahuu mala. Oduun dhufu hamaas tahuu mala. Garuu, oduu dhugaa isinitti himna, jedha taamsaani Raadiyoo Sagalee Ameerikaa ka jalqabaa. Raadiyooo danbalii gabaabaatiin Guraandhala tokko, bara 1942 tamsaasame. Gaazzexeessaan kana dubbate Wiliyaam Harlaan Haal jedhama. Kan yeroo sana hala sanaan jalqabe Raadiyoon Sagalee Ameerikaa Har’a dhaabbata “Multimedia” yokaan Sabaa-Himaa Akaakuu-hedduu, ka sadarkaa Addunyaa --- kan afaanneen adda addaa afurtamaa oliin tamsaasamuu fi torban tokkotti uummata gara miliyoona dhibba tokkoo fi afurtamaan dhaggeeffatamu ta’ee jira. Waggaa toorbaatamaffaa hundeeffamuu Raadiyoo Sagalee Ameerikaa ilaalchisuun, sirna ayyaaneffannaa kaleessa asitti geggeessame irratti ka dhaamsa isaanii Viidiyoodhaan ergan, Prezidaantiin Yunaayited Isteets – Baaraak Obaamaa “Yunaayitid Isteets daran cimtuu tahuu ishee fi Addunyaa irra daran haqi jiraachuu isaaf kan gumaache carraaqqii Raadiyoo Sagalee Ameerikaa ti” jedhan. Ministarittiin Dhimma-alaa kan Yunaayitid Isteetsis, Hilarii Kilintenis, akkana jechuun ayyaana waggaa toorbaatamaffaa VOA Kaleessa kabajame kana irratti dhaamsa “baga gammaddanii”dabarsanii jiran. Guutummaa qophii kanaa MP3 tuquun dhaggeeffadhaa.
Guutummaa qophii kanaa MP3 tuquun dhaggeeffadhaa.
Caamni Fi Beeli Gaanfa Afrikaa Dhahe Badbaado, Mogadishu, Somalia
Nuti illee akka addunyaan mootummaa kana mudditee namoota hidhe kana yoo himannaa irratti dhiyeessu dhabe akka gadhiisuuf gaafachuutti jirra.
Humnoonni Eertraa Dararaa Tigraay Keessatti Raawwatan Ka Jedhu Prezidaantii Eertraa Ni Haalan Kan yeroo hedduu ba’anii yaada hin kennine prezidaantiin Eertraa Isaayyaas Afeworkii, humnoonni biyya isaanii naannoo hollaa ka biyya Itiyoophiyaa keessaaTigraay keessatti waraana geggeessame keessatti humnaan gudeeddii, saamichaa fi yakka raawwataiiru inni jedhu waan fakkaatu miti jechuu dhaan fudhatama dhabsiisan. Eertraan waggoota 30 dura erga walabummaa ishee gonfattee kan beektu prezidaantiin tokkichi Isaayyaas Afewerqii, ennaa daawannaa isaanii Keeniyaatti geggeessan irratti tuuta oduuf ibsa kennan. Gaaffiiwwan kanaan kan mufatan Isaayyaas, adeemsa nagaa booressuuf kanneen oduu kijibaa fi odeeffannoo dogoggoraa daddabarsan jedhan balaaleffataniiru. Eetraan qaama walii galtee araaraa sanaa miti. Humnonni Eertraa hangi tokko illee Tigraay keessatti hafanii jiran. Baatilee hedduuf mootummaan Itiyoophiyaas humnoonni Eertraa Tigraay keessa jiraachuu haalaa ture. Garuu gareeleen mirga namaa fi hayyoonni tokkummaa mootummootaa dararaa fi lammiiwwan Tigraay irra kan ga’e kan akka kashalabboonni humnaan gudeeddii raawwataniif itti gaafatamoo dha jedhanii jiran. Wal waraansa sanaan siivilota miliyoona tokkotti hedmantu dhume. Gama biraan Eertraa fi Keeniyaan biyyoonni lamaan dawwannaaf viisaan akka hin barbaachisne beeksisanii, Keeniyaan gurumuu dipilomaasummaa Asmaraatti kan bantu ta’uu beeksistee jirti. Prezidaantiin Keeniyaa dhimmootii Itiyoophiyaa fi biyyotii hollaa Sudaanii fi Sudaan Kibbaa waliin wal qabate ilaalchisee Eertraa waliin hojjechuu kan barbaadan ta’uu beeksisaniiru. Gama biraan ministeerri odeeffannoo Eertraa Yemaanee Gebremesqel ergaa twiitera irratti maxxansaniin prezidaant Isaayyaas Afewarqii Eertraan miseensummaa IGAD haaromsuuf murteessuu ishee beeksisuu labsanii jiran.
Gama biraan ministeerri odeeffannoo Eertraa Yemaanee Gebremesqel ergaa twiitera irratti maxxansaniin prezidaant Isaayyaas Afewarqii Eertraan miseensummaa IGAD haaromsuuf murteessuu ishee beeksisuu labsanii jiran. Prezidaantiin Keeniyaa Ruuttoonis Keeniyaan ga’ee Eertraan nagaa fi tasgabbii naannoo keessatti qabdu akkasumas waraana biyyoolessaa Somaaliyaa ijaaruu keessatti gumaacha qabdu dinaqisiifataniiru jedhan.
Barra 2020 Tokummaa Immeretoota Arabaa, Baahireen fi Morookoon waligaltee giddu seentumaa Yunaayitid Isteetsin taasifameef “ waliigaletee Abrahaam jedhamee beekamuun waltii dhufeenyaa Isiraa’elii wajjin qaban fooyyesuun isaanii ni yaadatama.
Mootummaan Maalii fonqolcha waraanaa bara 2021 raawwateen aangoo qabate, Sambata darbe ibsa baaseen, himannaa Tokkummaan Mootummootaa dhiyeesse tokko tokko cinatti dhiisuun, akka seera addunyaa fi biyyooleessaan mirga namoomaa kabajuuf kutannoo aanga’oonni biyyatti qaban cimsee ibseera.
Afrikaan Kibbaa dhiheenya kana garee dinagdee guddataa jiru kan Braazil, Raashaa, Hindii ,chaayinaa fi Afrikaa kibbaa of keessaa qabu BRICS, jedhamuuf dura taa’ummaa qabachuuf yaalaa kan jirtu yoo ta’u innis, caasaa bulchiinsa addunyaa olaantummaa Ameerikaa fi Awurooppaan durfamu mormuuf hojjata.
Hojjettoonni waajjira kantiibaa hundi baraaramuu isaanii poolisiin dabalee ibseera.
Humnoonni mootummaa Somaaliyaa deggersa qabsaa’ota naannoo fi naannoo irraa argateen magaalota lamaan dhuunfachuuf duula hoogganaa akka jiran himaniiru.
Somaalilaandiin bara 1991 Somaaliyaa irraa addaan baate malee, walabummaa isheetiifbeekamtii addunyaa bal’aa hin arganne.
Dhimma kana irratti Abbootiin murtii Jonathan Swift fi Clive Lewis murtii isaanii ni kennu jedhamee eegama.
Walii-galteen kun hundaan tahuu dhabaateyyuu irra-jireessaan akka tarkaanfii gara mootummaa cehumsaa nama waraana hin ta’iiniin hoogganamuutti geessuu fi filannoo dimookiraasummaatti geessuuttillee faarsamaa jira.
Namoota haleellaa kanaan ajjeefaman keessaa gaazexeessaan biyya keessaa Mohaammad Isaa Konaan akka ta’e mirkaneessaniiru.
Rakkoon haala qilleensaa jabaataa yeroo deemuu waan hamaan mudachuuf deema jedha jaarmayaan kun.
Waraanni mootummaa fi hidhattoonni naanoo loltootaa Al Shabaab Naannoo kibba-lixaa Hirshebele, Galmuudug fi kutaa jubbaalaand keessatti argaman irratti torban dhufan keessaatti duulaa taasisuudhaaf qophii akka xumuran dubbii himaan waraana Somaaliyaa Jeeneraal Abdulaahii Alii Anood qibxataa dheengaddaa ibsuun isaanii gabaasameera.
Namoottan caalaan isaanii dubartootaa fi ijoollewan ta’a kuma 30n haalaa bishaan qulquluu argachuu danda’an irratti hopjjachaa jiraachuu isaa koreen fannoo dhiimaa Adduunyaa akka ibse gabaasamee jira.
Mootummaan Somaaliyaa ajajaa olaanaa al-Shabab Abdulkadir Nadir jedhamuun beekamu naannoo Juubaa giddu galeessaa keessatti haleellaa qilleensa irraa gaggeeffameen ajjeefamuu isaa erga beeksisee guyyaa tokko qofa booda dhohiinsii Bombii sadeenii kun dhaga’ame.
Dorgommii dhiirotaatiin ka rekordii addunyaa qabatee jiru atileetiin Keeniyaa Iliyuud Kipchoog kan injifate yoo tahu dubartootaan immoo atileetii Itiyoophiyaa Tigist Asaffaa tu injifate.
Somaaliyaan erga bara 1991 finciltoonni gosa irratti hundaa’an mootummaa Abbaa irree aangoo irraa fonqolchanii walii walii isaaniitti gargarlanii qabee wal waraansa keessa jirti.
Filannoo Keniyaa qibxata darbe taasifamee ilaalchisee gabaasaleen amma amaatti Raayilaa Odiingaa fi Wiliyaam Ruutoo Sagalee walqixaa waan galmeessaa jiraaniif , nama moo’e addaan baasuuf filanoon biraa isaan lamman giduutti taasifamuu ni dan’ada.
Lammileen Keniyaa Ba’ii Lakkoobsa Sagalee Filannoo Eeggachaa Jiru Lammileen keniyaa qibXata kaleessaa prezidaantii biyyatti itti aanuu filachuudhaaf sagalee kennaa olaan guyyaa har’aa yemuu sagaleen lakkawamaa jiruuti bu’ii filaniichaa eegachaa akka jiran gabasamaa jira. Filaannoon Prezidantummaa bara kanaa isa kanaan duraatiin wal bira qabamee Yemmuu ilaalamuu tasgabbaawaa akka ta’e gabasaaleen ibsan, lakkoofsii namoottan sagalee kennuudhaaf bahanii isaa duraa irraa gadi bu’aa ta’uu isaa himaniiru. Filannoo barana irratti lammileen keniyaa Miiliyoonii 13.2 ta’an sagaalee keenuu isaanii kan ibsee komishiiniin filannoo biyyatti, kuniis namoottan filachuudhaaf galammaawan keessaa dhibentaa 60 ta’uu isaa beeksiseera. Filannoo bara 2017 irratti lammiilee biyyatti filaachuudhaaf galmmaawan keessaa dhibeentaa 80n akka hirmaatan gabaasameeraa. Gabaasaan VOA Mohaamad Yusuf Nayiroobii irraa akka ibsetti yemmuu buufataleen sagalee kuma 46,229 keessaa buufatalee filannoo kumaa 43,615 ta’an sagalee lakkawanii xumurantti bu’iin agarsiisuu Raayilaa Odiingaa fi Wiliyaam Ruuto sagalee waltii dhihaataa ta’e akka galmeesaa muldhisee jira. Sababa namoonni barana sagalee kennan yarateef kan himan xiinxaltoonni akka jedhaniitti hoggansii biyyatti karaa siyaasaatiin, karaa hawwasummaa fi karaa misooma diinagdeetiin, akkasumaas malan maltumaa hirdhisuu irratti hojii barbaachisaa ta’ee hin hojjanne . Prezidaantumaa baraanaa irratti kan cimanii waliin dorgomaa jiran Lammanuu gosaa keniyaa keessatti hedduminaa qabuu fi gostii prezidaantotaa kanna duraa aangoo irraa turan keessaa bahan Kukuyuun filannoo baranaa irratti prezidaantummaadhaaf kaadhimamaa hin qabanu. Raaylaa Odiingaa Gosaa Lu’oo irraa, Wiliyaam Ruuto immoo gosa Kaalaanjii irraa yumuu ta’an Lamman isaanii iyyuu dubartoonni itti aantotaa isaanii godhatan gosa Kukkuyuu irraa akka ta’e beekameera.
Raaylaa Odiingaa Gosaa Lu’oo irraa, Wiliyaam Ruuto immoo gosa Kaalaanjii irraa yumuu ta’an Lamman isaanii iyyuu dubartoonni itti aantotaa isaanii godhatan gosa Kukkuyuu irraa akka ta’e beekameera. Lakkoofisii sagalee inni dhumaa yoo walqixa ta’ee argamee filannoon marsaa biraatu taasifama.
Ogeeyyiin akka jedhanitti, hooggansi kun haaromsa yaadame guutummaatti hojiirra oolchuuf suuta jedheera.\nBaatii Adoolessaa keessa Yunaayitid isteetis adeemsa nagaa biyyattii keessaa ba’uu dhaan, gareen martinuu rakkoo siyaasaa fi nageenyaa dhaabsisuu fi haaromsa barbaachisu gochuu hin dandeenye jetti.
As Yunaayitid Isteeits, Iyuujin-Oregaanitti ka geggeessame Shaampiyoonaa Atileetiksii Addunyaa 18ffaatti akka hirmaataniif kanneen ergaman atileetonni Ertiraa afur fi leenjisaan isaanii achi-buuteen dhabamuu Televiiziyoonni KVAL jedhamu poolisii kutaa Oregaan wabeeffachuun beeksisuu isaa kaleessa gabaasnee turre.
Al-Shabab Magaalaalee Somaaliyaa Kan Daangaa Itiyoophiyaatti Dhiyoo Jiran Lama Haleele Kibxata kaleessaa hidhattoonni al-Shabab magaalota Somaalee lama daangaa Ityoophiyaa irra jiran irratti haleellaa erga raawwatanii booda lolli cimaan gaggeeffamuun gabaafameera. Qondaaltonni naannichaa haleellaa kana VOA sagantaa afaan Somaaleef mirkaneessan akka jedhanitti, hidhattoonni poolisii addaa, miseensota humnoota Itiyoophiyaa falmisiisoo ta’an kanneen yeroo dheeraaf naannoo Bakool kibba dhiya Somaaliyaa magaalota Yeed fi Aatoo keessatti argaman waliin walitti bu’aniiru. Raayyaan Ittisa Biyyaa Itiyoophiyaa kanneen qaama waliigaltee nageenya biyyoota lamaanii Ityoophiyaa fi Somaaliyaa gidduutti taasifamaa jiruun Somaaliyaa keessatti socho’aa jiran, eegumsa daangaa fi nageenya daandii dhiyeessiin irra deddeebi’uuf fi loojistikaaf poolisii addaa irratti hirkatanii jiru. Angawaan nageenyaa miidiyaa waliin haasa’uun waan hin hayyamamneef maqaan isaanii akka hin tuqamne gaafatan tokko VOA sagantaa afaan Somaleef akka himanitti, al-Shabab jalqaba mooraa poolisii magaalaa Aatoo keessatti argamu haleele. Angawaan naannoo Bakool kun akka jedhanitti, al-Shabab sana booda hidhattoonni irra deebi’uun bakkaa buufata poolisii addaa seenuu hdaan Yeed irratti haleellaa lammaffaa raawwachuu isaa mirkaneessanii jiran. Booda irra hidhattoonni tarii humna poolisii addaa bakka sana akka hin geenye jeequuf ganda Washaaaqoo mortaaraan haleelan. Yeed fi Aatoon wal irraa fageenya kiiloo meetira 80 irratti kan argaman yoo ta'u, Washaaqoo ammoo daangaa Somaaliyaa keessa xiqqoo fagaatee jira. Miidhaan qaqqabe hanga ammaatti hin beekamne. Neetworkiin bilbilaa naannoo sanaa Kibxata darbe harka caalu hin ture. Dubbi himaan Al-Shabab Abdulaziz Abu Mus’ab qabsaa’onni garee kanaa Yeed fi Aatoo lamaan isaanii to’ataniiru jedhan. Magaalonni Somaalee sadanuu waggoota dheeraaf poolisii addaa Itiyoophiyaa gama bahaa naannoo Somaalee dhufan baay’inaan keessummeessaniiru.
Magaalonni Somaalee sadanuu waggoota dheeraaf poolisii addaa Itiyoophiyaa gama bahaa naannoo Somaalee dhufan baay’inaan keessummeessaniiru. Raayyaan ittisa biyyaa Itiyoophiyaa loltoota gara 4,000 ta’an kanneen qaama ergama Ce’umsaa Gamtaa Afrikaa ta’uun Somaaliyaa keessatti tajaajilaa jiru qaba. Hoogganaan al-Shabab Ahimed Umar Abu Ubaidah, waraabbii sagalee haaraa baasaniin, mootummaa Somaaliyaa haaraa loluuf dhaadachuun, gareen kun “mootummaa Islaamummaa irratti hin hundoofnee fi bulchiinsa seera Shari’aa guutummaatti hojii irra hin oolchine gonkumaa hin hayyamu” jedhan.
Looltonni Leenjiif Ertraa Jiran Gara Somaaliyaatti Deebi’uuf Jiru:Prezidaantii Somaaliyaa Preezdaantiin Somaaliyaa Hasan Sheek Mohaammad Robii dabree galgala, maatii ijoolleen isaanii leenjiif Ertraa keeessa jiranii waliin wal arguun, yeroo dhiyootti gara biyyaatti deebi’anii garee hidhattoota Islaamummaa Al-Shabab akka waanuuf jiran waadaa galaniiru. Somaaliyaan loltoota kumaatamaan lakkaa'aman Ertiraatti leenjiiiff ergitee, waggaa darbe keessa warri isaanii walqunnamsiisuu dadhabuu irraa mormii walduraa duubaa gaggeeffamaa ture. Hangii tokko 2018 kaasee kan maatii isaanii hin qunnamiintu jira. Prezidaantiin Somaaliyaa Maahmuud torbee kana keessa daawwannaa Eertiraa taasisaniin loltoota waliin kan mari’atan yoo ta’u, hariiroo biyyoota lamaanii fooyyessuuf waliigalaniiru. Looltonni hundumtuu siim kaardii bitatanii warra ofii akka dubbisaniif/ maallaqnii kan kennameef yoo ta’u, har’a fi bor sinii bilbiluu jedhan. Looltonni somaaliyaa kun yoom biyyatti akka deebi’an garu hin ibsinee,garu haala isaanii kan hordofan ta‘u beeksiisan. Prezidaantichi maatii ijoollee leenjiif Ertraatti ergamanii waliin ennaa dubbatan Vidiyoo agarsisuu waajirri prezidantichaan dhiyaatee jira. Maatiinis yaalii prezidaant mahmuud biyyatti deebisuuf taasisaniif galateeffataa ennaa turan vidiyoon kun agar siisa ture. Gabaasni Tokkummaa Mootummootaa bara darbe ji’a waxabajjii keessa baase akka jedhutti loltoonni Somaalee kumaatamaan lakkaa’aman waraana naannoo Tigraay keessatti hirmaachuu isaanii yeroo ibseetti maatiin jaraa mormii kaasuun isaa ni yaadatama. Mootummaan Somaaliyaa loltoonni isaa leenjiif Ertaa keessa jiran, wal waraansa Tigraay keessatti hirmaannee jechuun haale. Gabaasaaleen miidiyaalee fi qeeqxonni tokko tokko gar gariin wal waraansa Tigraay keessaatti ajjeefamaniiru jedhu.
Gabaasaaleen miidiyaalee fi qeeqxonni tokko tokko gar gariin wal waraansa Tigraay keessaatti ajjeefamaniiru jedhu.
Eertiraa fi Somaaliyaa Ittisa Tumsa Siyaasaa Tolfachuuf Dhaadatan Hoggantoonni Eertiraa Isaayyaas Afwerkiifi kan Somaaliyaa Hasan Sheek Mohaammad tumsa ittisaa, nageenyaa, dippilomaasii fi siyaasaa mallatteessinee jirra jedhan. Walii galteen kun kan raawwatame daawwannaa pirezidaantiin haaraan Somaaliyaa guyyoota afuriif Asmaraatti taasisaniin booda. Hoggantoonni lamaan yaadannoo waliigaltee qabxii torba qabu Kibxata darbe ba’een, nagaa, tasgabbii, fi nageenya eeguuf tumsa ittisaa fi nageenyaa guddisuuf waliigallee jirra jedhan. Akkasumas tumsa dippilomaasii fi siyaasaa cimsuu, dantaa biyya isaanii eeguu fi tarkaanfachiisuuf, hariiroo ummattoota isaanii lamaan akka dagaagsuuf walii galaniiru jedhan. Hoggantoonni kun lamaan, yaadannoo isaan mallatteessanis seenaa, walitti dhufeenya obbolummaa, dantaa waloo isaan waliin qaban irratti kan hundaa’e yoo ta’u, qabsoon farra-shororkeessummaa Somaaliyaa keessatti milkaa’inaan gaggeeffamu “Somaaliyaa keessatti qofa osoo hin taane, gaanfa Afriikaafis haal-duree nagaa fi tasgabbii ta’uu dhaan beekamtii kennuu irratti kan hundaa’e ta’uu ibsaniiru. Eertiraan humnoota Somaaliyaa kumaatamaan lakkaawaman leenjisuu erga jalqabdee gara waggaa sadii ta'eera. Loltoonni irra caalaan isaanii humna galaanaa dabalatee leenjii idilee fi addaa akkasumas makaanaayizeeshinii fudhataniiru. VOA tajaajilli afaan Somaalee akka gabaasetti, lakkoofsi loltoota Somaalee Ertiraa keessatti leenjifaman 5,167 ta’uu isaaf, boodarra pirezidaantiin Somaaliyaa duraanii Mohaammad Abdullaahii Farmaajoo loltoota kana gara Ertiraatti ergamuu isaanii mirkaneessaniiru. Murni jalqabaa loltoota Somaalee Hagayya 19, 2019 Moqdishoo irraa gara Ertiraa balali'an. Murni lammaffaa fi sadaffaan immoo baatii Fulbaanaa fi Waxabajjii bara 2020 keessa gamasitti ergaman.
Murni lammaffaa fi sadaffaan immoo baatii Fulbaanaa fi Waxabajjii bara 2020 keessa gamasitti ergaman.
Angawoonni waraanaa Sudaan humna lubbuu galaafatuun gidduu seenuun ergasii daa'imman 18 dabalatee namoonni 113 ajjeesaniiru.
Mootummaan Amerikaa yeroo ammaa nyaata hatattamaan barbaadamu kennuuf, beela ittisuu fi gargaarsa namoomaa kanneen biroo Somaaliyaaf kennuuf akka jiru ibsan.Kunis gargaarsa namoomaa biyyoota gaanfa Afrikaaf kennamuuf kan karoorfame Doolaara miliyoona 100 fi miliyoona 5 keessaa ta’uun ibsamee jira.
Abbaan seeraa dhimma mirga namoomaa fi miseensi Gumii Abboota Seeraa Kaameruun, gochaan akkanaa loltoota mootummaan kun isa jalqabaa miti, jedhu.
Kana malees, daldala meeshaa waraanaa daangaa isaanii qaxxaamuruun geggeessamu dhaabuuf, humna waraanaa waloo naannoo daangaa sanatti bobbaasuuf, aangawoonni gam-lameenii waliigalanii jiran.
Sababiin isaas madaan isa mudatee karaa sirrii yaalamaa kan jiru ta’uus, sochii muddamsa qabu gaggeessuun daran haala ija isaa hammeessa jedhamee jira.
Angawoonn Naayjeriyaa akka jedhanti, namoonni butaman kun haal duree tokko malee akka gaadhiifaman yaalaa jiru.Tarkaanfii fudhataa jiran kana ilaaleen maatii midhamtootaatti himnee deemsicha danquu hin feenu jedhu.
Haleellaa Moortaaraa Paarlaamaa Somaaliyaa Irra Ga’eef Gareen Al-Shabab Itti Gaafatama Fudhate Gareen shororkeessaa Al-shabaab wixata kaleessaa bakka wal ga’iin paarlaamaa Somaaliyaa geggeessamutti haleellaa raawwatee yoo xiqqaate namoota ja’a irraan miidhaa dhaqqabeef itti gaafatama fudhachuu isaa Ahimed Mohammed gabaasee jira. Miseensonni paarlaamaa Somaaliyaa haaraa filataman ennaa wixata kaleessaa haleellaan moortraaraa sun raawwatame af-yaa’ii filachuuf jecha wal ga’anii turan. Miseensonni paarlaamaa fi kaadhimamaan prezidaantii Abdirahamaan Abdishakur Warsaamee fuula FB isaanii irrati akka barreessanitti dhukaasa marsaa hedduu dhukaafameen waardiyaalee isaanii lama dabalatee namoonni hedduun madaa’aniiru. Gareen finxaaleyyii al-Shabaab, miidiyaa hawaasaa irratti maxxansuu dhaan haleellaa sanaaf itti gaafataa fudhate. Waajjirri muummicha ministeeraa Somaaliyaa Mohaammed Huseen Rooblee haleellaa gocha shororkeessummaa ittiin jedhe sana balaaleffatee jira. Somaaliyaa keessatti filannoo kallattiin hin ta’in geggeessee xumura kan jiru paarlaamaa sodaachisuuf kan geggeessame gocha lun’aa ti jechuu dhaan ibsanii jiru. Roobleen tattaaffii miseensonni paarlaamaa filannoo sana saffisuuf taasisan galateefataniiru. Haleellaa Wixataa sana dura, seera tumtoonni sun af-yaa’ii mana maree ol aanu Ebla 26 akka filatamuuf kan isa gad aanuu immoo guyyaa itti aanu akka filatamuuf sagalee guutuu dhaan murteessanii jiran. Filannoon kallattiin hin ta’in kan Somaaliyaa sababa falmii siyaasaa muummicha ministeeraa fi prezidaanti Momammed Abdullaahii Mohammad Farmaajoo gidduu tureen kan ka’e batilee hedduuf boodatti harkifate. Faarmaajoon yeroo aangoo isaanii dheeressuu kan barbaadan yoo ta’u, garuu dhiibbaa sadarkaa addunyaa fi biyya keessaan danqaman. Gareen al-Shabaab sabatiinsi siyaasaa dhabamuu isaatti fayyadamuu dhaan humnootii naga eegdota Somaaliyaa fi namoota siyaasaa irratti walitti aanuun haleellaa lubbuu galaafate raawwataa ture.
Gareen al-Shabaab sabatiinsi siyaasaa dhabamuu isaatti fayyadamuu dhaan humnootii naga eegdota Somaaliyaa fi namoota siyaasaa irratti walitti aanuun haleellaa lubbuu galaafate raawwataa ture. Seera tumtoonni Somaaliyaa hanga jalqaba baatii Caamsaatti prezidaantii itti aanu filtu jehmee eegama.
Sagantaa nyaata addunyaaf Somaaliyaatti Daayreekteera Itti aantuu kan ta’an Laaraa Fossi akka jedhanti, maallaqanii waan hin jirreef jecha dhaabatii isaanii namoota gargaarsa argachuu qaban keessaa filachuu qaba.
Gatiin midhaanii waggoottan shanan darban keessaa dhibeentaa 20 amma 30 ti kan dabale yoo ta’u, lolli dhiheenyaa kan Yukireen irraati baname immoo rakkinichaa daran akka jabeesee gabasameeraa.
No media source currently available
Sagantaan nyata addunyaa akka jedhutti bubbee hamaan amma mudatee kun oomiisha sassaabamuuf torban lama hafee mancaasuun haala jiru daran hammeesse.
Boombiin of Wareegaa Moqaadishoo Keessatti Raawwate Lubbuu Galaatate Konkolaataa naga eegumsaa mootummaa gara buufata xayyaara moqaadishootti imalaa ture irratti balaa boombii of wareega dhaqqabeen yoo xiqqaate namoonni 10 dou’uu kanneen ijaan arganii fi angawoonni dubbataniiru. Shofeerri taaksii fi haala isaa ijaan argan Adan Nuur akka jedhanitti dho’iinsa gurra duuchuu dhaga’uu isaanii fi aara samiitti ol ka’uu arguu isaanii akkasumas biilsaalee fi konkolaataan daandii irra turan manca’uu isaanii dubbatan. Dho’iinsa snaan keenyan mana nyaataa naannoo jiruu fi guutuun manaa diigamuu fi reeffa namoota shanii argeera jechuu dhaan namni ijaan argan ka biroo Osman Salaahjedhaman VOAf ibsaniiru. Haleellaan sun kan raawwate keellaa sakatta’aa akkaan eegamuu fi daandii gara buufata xayyaaraatti geessu cinatti. Itti aanaa kantiibaan Moqaadishoo Alii Yare Alii akka jedhanitti ibsa itti dabalaa kennuu baatanis haleellaa har’aa irraa oolu isaanii dubbataniiru. Haleellaa sana irraa ooleen jira. Yoo xiqqaate namoonni 10 du’uu isaanii mirkaneessuu nan danda’a. Gara boodaa ibsa itti dabalaa ni kennina jedhan Aliin. Maddeen mootummaatti dhiyeenya qaban VOAf akka ibsanitti konkokaataan sun qabeenhya kampanii naga eegumsa dhuunaa yoo ta’u, gareen ittiin deemaa turan eenyu akka ta’e battala hin beekamne. Kanneen ijaan argan ka biroon akka jedhanitti konkolaataan tokkummaa mootummootaa karaa sana darbaa ture qiyyaafata haleellaa of wareegaa sanaa fakkaata jedhan. Bu’uursaan tajaajila ambulaansii Amiin jedhamuu Abdulqaadir Adan akka jedhanitti gareen isaanii yoo xiqqaatge reeffa namootaa saddeetii fi kanneen miidhaan irra ga’a sagal deddeebisaa turan. Haleellaa sanaaf gareen al Shabab itti gaafatama fudhachuu dhaan konkolaataa angawoota mootummaa Somaaliyaa fi kan alaa baatan irratti fuuleffachuu dubbate.
Haleellaa sanaaf gareen al Shabab itti gaafatama fudhachuu dhaan konkolaataa angawoota mootummaa Somaaliyaa fi kan alaa baatan irratti fuuleffachuu dubbate. Embasiin Yunaayitid Isteeyis kan Moqaadishoo keessaa haleellaa sana balaaleffatee jira. Yunaayitid Isteetis haleellaa shororkeessotaa kan Moqaadishoo keessaa cimsitee ni balaaleffatti jechuu dhaan maatii namoottan duraa miidhamaniif gadda nutti dhaga’ame ni ibsina jechuun embasichi ergaa tweeter barrreesseen beeksiseera. Haleellaan roobii har’aa kun kan dhaga’ame hoogganoonni Somaaliyaa kan yeroo dheeraaf lafa irra harkifataa ture filannoon biyyattii yeroo itti geggeessamu beeksisanii guyyaa tokko booda .
No media source currently available
Kana kan dubbatan Tplf fi mootummaa muummicha ministeeraa Abiy gidduutti wal waraansa geggeessamu dhaabsisuuf yaalii diplomaasummaa gochaa kan jirtu Keeniyaa ennaa daawwatanitti.
No media source currently available
Tasfaayee G/Aab / dhukkubsatee Keniyaa keessatti wal’ansa fayyaa argataa ituu jiru umrii isaa 53tti du’an boqote.
Falmiin Farmaajoo fi Robalee giddutti uumamee kun, sodaa hokkaraa garee Al-Qaayidaa isa Al Shaaabtti hidhata qabu biraa dhaga’amuu mootummaan irratti qiyyaafatee akka hin hojjanne taasisaa jechuun taajjabdonni akeekkachisanii jiru.
Ilmi Hoogganaa Liibiyaa Duraanii Al Islaam Prezidaantummaaf Dorogumuufi Kurna tokko booda ilmi hoogganaa Liibiyaa duraanii kan Mohaammad Gaadaafii erga abbaan isaanii aangoo irraa fonqolchamanii qabee waggootaaf jeeqama ture tasgabbeessuu gargaara jedhamee kan karoorsame filannoo prezidaantummaa baatii Muddee keessa geggeessamuuf kaadhimamaa ta’anii galmaa’uuf dilbata kaleessaa yeroo jalqabaaf achii as ba’anii jiran. . Kan umuriin waggaa 49, Saif al-Islam al-Gadhafi, huccuu aadaa kan bifa bunaa fi marata mataa irratti maratanii, areeda harii qabuu fi ija isaaniitti manatsirii kaayyachuu dhaan waaltaa filannoo kan magaalaa Sebhaa gama kibbaatti galmee irratti utuu mallatteessnii viidiyoo komiishina filannoon waraabame irratti mul’atanii jiru. Ilmi Gaadaafii namoota beekamoo fi falmisiisoo prezidaantummaaf dorgoman keessaa tokko. Kanneen dorgoman keessaa ajajaa waraanaa gama bahaa Kaliifaa Haftaar, muummicha ministeeraa Abdulhamiid al-Dibeeyibaah fi afaan yaa’ii mana maree Aguyiilaa Saaleeh keessatti argamu. Haa ta’u malee, maqaan isaanii maqaa namoota Libiyaa keessaa beekamoo ta’an kessaa tokko yoo ta’u, utuu kan mootumma maatii isaanii mancaase warraqsi NATOn deggeramu bara 2011 dura utuu hin ka’in dura imaammata biyyattii qopheessuu keessaa qooda olmaanaa qabaatanis, kurna tokko keessatti hagas argamanii hin beekan. Deggersa uummataa qabaatus, gareeleen finciltoota Liibiyaa fi humnoonni alaa filannoon Muddee 24 seeraa fi raawwatiins isaa irratti falmaa waan jiraniif sgalee kennuun sun amma iyyuu shakkisiisaa dha. Jimaata darbe Paaris keessatti kan geggeessame konfirensii guddicha irratti kanneen adeemsa sagalee kennuu sana danqan irra uggurri akka kaa’amu walii galtee irra g’amee jira, garuu filannoof torbanneen ja’aa gad hafee yeroo jiru kanatti, eenyu haa dorgomu isa jedhu irratti walii galtee irra hin ga’amin jira.
Jimaata darbe Paaris keessatti kan geggeessame konfirensii guddicha irratti kanneen adeemsa sagalee kennuu sana danqan irra uggurri akka kaa’amu walii galtee irra g’amee jira, garuu filannoof torbanneen ja’aa gad hafee yeroo jiru kanatti, eenyu haa dorgomu isa jedhu irratti walii galtee irra hin ga’amin jira. Bulchiinsi bara Gaadaafii amma iyyuu lammiiwwan Liibiyaa hedduu biratti bulchiinsa hamaa ta’ee kan yaadatamu yoo ta’u, Saif al-Islam fi angawoonni bulchiinsa duraanii keessa turan aangoo irraa erga bu’anii yeroo dheeraa waan lakkoofsiseef, deggersa guddaa argachuun itti ulfaachuu danda’a. Moammar al-Gadhafi-n Onkoloolessa bara 2011 garee mormitootaan dugdee magaalaa Sirte keessatti qabamanii dhuma irratti rasaasaan dha’aman. Saif al-Islam immoo guyyoota booda gara Nigeritti baqachuuf utuu yaalanii naannoo gaarreen Zintan keessatti loltootaan to’annaa jala oolan. Fedhii isaanii prezidaantummaa kan wal xaxaa taasisu, al-Islam bara 2015 keessa mana murtii Tripoliin bakka hin jiraannetti himatamanii, Zintaan irraa karaa Vidiyoo dhiyaatanii turan. Sanaanis manni murtichaa yakka waraanaa mormii bara 2011 lubbuu namaa galaafate dabalatee murtii du’aa irratt dabarsee jira. Yoo Tripoolii keessatti mul’atanis balaan hidhamuu isaan mudachuu danda’a. ICC dhaanis ni barbaadamu.
Waggaa kana, gamtaan Afriikaa fonqolcha mootummaa kan waraanni Onkoloolessa 25 geggeesseen booda Sudaaniin miseensummaa irraa rarraasee jira, garuu ennaa waraanni Chaad xuura baatii Eblaa irra mootummaa fonqolche tarkaanfii wal fakkaatu hin fudhanne jecchuu dhaan ibsi sun qeeqee jira.
Guraandala 2, bara 1990 paarlaamaaf haasaa dhageessisaniin Nelson Maandeellaan hidhaa waggoota 27 booda akka gad dhiisaman kan labsan Klerk, labsiin isaanii kun biyya kurnawwaniif sirna loogii sanyiin liqimfamteef byyoota addunyaa hedduun uggurri irra kaa’amee ture gammachuu dhaan guute.
Komputerri lap taappii fi bilbilli isaaniis hin argamin jira.
No media source currently available
Bara 2019 eegalee talaalliin busaa doozii Miiliyoonii 2 fi qabxii 3 biyyoottan Maalawii, Keeniyaa fi Gaanaa keessatti baldhinaan ojii irra oolee akka jiru gabasameera.
Lammii Amerikaa hidda dhalata xaaliyaanii Ginettaa Sagan akkasumas, meeksikoo irraa Normaa Andraadee kanneenn barana badhaafaman ta’anii jiru.
Gareen kun bara 2019 hundeeffame.
Sudaan chaad fi ripaabliika Afrikaa waaltaa wajjiin daangaa banaa qabdi jedhanii gareen leellistootaa Sudaan keessa sosso’uuf sababaa hedduu qabu jedhu.
Lolli sun kan taasifamee gargaarsaa AMISOMn alaa umnoottan Mootummaa Somaliyaatiin.
Angawoonni AMISOM gaaffii VOA biraa dhiyaateef deebii hin kennin jiru.
Human Rights watch baatii Waxabajjii keessa akka gabaasetti bulchiinsi Linguu biyya sibiila diimaa oomishuun beekamtu gara rakkoo mirga namoomaatti geessaa jirti jedhee jira.
Roobnii hamaan jiru lageen naannoo daangaa jiran akka guutan waan godheef jecha lammiwwa Ititoophiyaa 3 Kibxata kaleessaa ce’uuf ituu yaalanii bishaaniin nyaataman jedhan angawaan sudaan.
Mudamnii Siyaasaa Tunuziyaa Itti Fufeera Ergaa prezidaantiin tuniziyaa Kaa’is Saied Mumicha ministeeraa biyyatii Hichem Mechichi aryyatanii parlamaa biyyatii guyyaa 30f cufaanii, polisoonii hoganaa parlamaa biyyatii akka waajiraa isaanii hin seennee dhokanii boodaa Biyyaa Tuniziyaa keessatii Muddamii siyaasaa cimee itti fufee jira. Wixata kaleessaa poolisoonii biyyatii mormii miseensonnii parlamaa warrii paartii Ennahdha jedhamu bakka bu’ani tasisan fi deggertoota prezidaantii gidduutti akka waltii bu’iins hin umamne gochaa oolan. Gareen tarkaanfii prezidaantiichaa deggaeran muurtoon isaanii akka seeraa biyyatti fudhatamee kabajamuu qaba yemmuu jedhan , mormitooni imoo tarkanfiin prezidaant Kaa’is kan heeraa biyyatii cabse waan ta’eef itti fufuu akka hin qabnee ibsanii warren gochichaa raawwatan fi dudda duubaan gargaaran itti gafatamuu qabu jechaa jiru. Partileen mormitootaa lama immoo tarkanfichii fonqolchaa aangoo akka ta’ee kan ibsan yemmuu ta’u prezidaant Kaa’is gama isaanitin mitii jedhaniiru. Tarkaanfiin prezidaatt Kaa’is fudhataan ergaa haalii siyaasaa biyyatii torbaaniif raafamaa turee boodaa yemuu ta’u akkaataan mootummaan biyyattii dhimma kooviid 19 qabaa turee jequmsichaaf sababa tokko akka ta’e gabaasameera. Yunaayitid Isteets fi Awuroopaan Tuniziyaadhaaf ergaa dabarsaniiru Gamtaan Awuroopaa fi mootummaan Yunaayitid Isteets Tuuniziyaa keessatii demokiraasiin fi tasgabbiin akkaa tiksamuu qabuu gaafataniiru. Itti gaafatamaan imaammata dhimma alaa gamtaa Awuroopaa Joseef Borrell qibxataa har’aa ibsaa kennaniin akka jedhanti, akka sabaatinsii rakaa bakkaa isaatii deebi’u, keessumaa akka parlamaan biyyaattii deebi’ee dhaabbatuu, gareen hunduu akkaa mirgaa bu’uuraa namoomaa akka kabajuuf hookaraa balaaleffatuu waamicha goonaa jedhaniiru.
Itti gaafatamaan imaammata dhimma alaa gamtaa Awuroopaa Joseef Borrell qibxataa har’aa ibsaa kennaniin akka jedhanti, akka sabaatinsii rakaa bakkaa isaatii deebi’u, keessumaa akka parlamaan biyyaattii deebi’ee dhaabbatuu, gareen hunduu akkaa mirgaa bu’uuraa namoomaa akka kabajuuf hookaraa balaaleffatuu waamicha goonaa jedhaniiru. Ministeerrii dhimmaa alaa Yunaayitid Isteets Antoonii Bilinken gamaa isaanitiin waa’ee degersaa demokiraasii Tuniziyaa irratti prezidaantii Tuniziyaa wajjin bilbilaan haasa’uu isaanii himanii, prezidaantichii akka yaada dimokiraasii fi mirgaa namoomaa eegan, gareewan siyaasa biyyatii keessati qooda qabanii wajjin akka marii taasisan hubachiisuu isaanii beekisaniiru.
Afriikaan kibbaa talaallii baatii Guraandhalaa keessa argachuu kan jalqabde ta’us, kan biyyattiin tallaaluu barbaaddu uummata miliyoona 40 keessaa miliyoona 2.7 qofaatu tallaalii kana fudhate.
No media source currently available
Bulchiisini Joo Bayidan akka gargaarsaa talaaliichaa dafee taasisuu dhiibaan irratti godhamaa jira.
Daawwannaan kun kan dhaga’ame, gam tokkoon Masrii fi Sudaan gidduutti gam kaaniin immoo Itiyoopiyaa waliin hidha laga Abbayyaa doolaara biliyoona $4.6 fixe irratti muddamni jiru hammaatee jirutti.
Gabaasa Guutuu Caqasaa No media source currently available
Mootummaan deebii isaanii fudhatama hin laanne.
Miseensonni Paarlaamaa mootummaa prezidaantichaa deggeran kanneen akka Hanii Mohaammad Adan immoo kan mormitoonni jedhan kana ni haalan.
Prezidaantiin Somaaliyaa maqaa masoo “Farmaajoo” jedhamuun beekaman Mohammed Abdullaahii Mohammed akka dafanii filannoo geggeessaan ka dhiibbaan sadarkaa Addunyaa irra kaa’amaa jiru yoo tahu, aangawoonni filannoo filannicha tursiisanii, qaamoota siyaasa biyyattii keessaa qooda qaban gidduutti akka dura walii-galteen uumamu carraaqqii godhaniyyuu mariiwwan geggeessaman haga ammaatti hin milkoofne.
Kanneen qabaman shororkeessota qofa,” jedhan.
Prezidaantichi fi Muummichi-ministaraa Mohaammed Huseen Roobalee akkasumas hoogganoonni bulchiisota naannoo biyyattii shanii, sirna ittiin prezidaantii haaraa filatan irratti mari’atanii waliigaluu dadhabanii booda ture, Mursaal kan kana dubbatan.
Yeroo achi turantis looltoota mootummaa Somaaliyaa deggeraa fi leenjii kennnaa turan jedhameera.
Akka waraanii Suudan achii bahu gaafae ambaasaadderii Itoophiyaa, Yibeltal Aemero.Suudan ammoo jecha sun hin jaalanne.
Humnoonni galaanaa Tuniisiyaa namoonni itti dabalaa yoo lubbuun hafan ta’e barbaadaa jiraachuu angawoonni beeksisaniiru.
Shororkeessonni kanneen Ameerikaa irratti haleellaa raawwachuu yaadan eessa iyyuu yoo jraatan ni argamu, nutis adda baasnee murtiitti dhiyeessina jedhan.
Gareen lamaan hollaa isaanii kan taate dhimmi Itiyoopiyaa irrattis mari’ataniiru jechuu dhaan gorsaan prezidaantii Yemane Gebreab ergaa tweeter irratti barreessaniin beeksisaniiru.
No media source currently available
Uummata Sudaan Lolaa Bishaaniin Miidhameef Addunyaan Yoo Hin Birmanne Sabatinsa Siyaasaa Biyyattii Balaarra Buusa, Jedhame Balaan lolaa bishaanii hamaan Sudaan mudate, lammiwwan biyyattii gara 90,000 miidhee jira. Namoota 120 ajjeesuu isaa fi maatiilee kuma heddutti lakkaawaman mana-malee hambisuu isaa, akkasumas qonnaa fi jiruu isaanii mancaasuu isaa tu gabaasame. No media source currently available Ka guyyoota afuriif haala Sudaan keessaa daawwatanii deebi’an - Daarektarri muummichi Waldaalee Fannoo Diimaa fi Baatii Diimaa – Joon Chaapaageeyin, balaan lolaa bishaanii Sudaan mudate ka waggoota kurna sadii keessatti isa baay’ee hamaa tahe, hanga isaan eegan irraa fagoo tahuu dubbatu. Naannoo Algaamaayer jedhamu kan handaara magaalaa Kartuum jirun daawwadhe. Manneen, ijaarsawwan fi midhaan lafa irraa marti manca’aniiru. Gabaabaadhumatti haalli isaa baay’ee gaddisiisaa dha. Lafti isaa baay’ee how’aa dha. Digirii Seentiigiredii afurtamaa oli. Gaaddisni homtuu hin jiru. Mooraan nuti daawwanne, kuufama bishaaniin marfamee jira. Bookeen naannoo sanaa gar-malee baay’ee dha, jedhan – Chaappaa-geeyin. Akka jecha isaaniitti kan namoonni bishaan qulqulluu fi mana qulqullaa’inaa argatan mana barnootaa itti dhihoo jiru irraa ti. Inni immoo halkan ni cufama. Kana malees jalqaba waggaa kanaa irra biyyattiin hoomaa hawaannisaan weeraramtee akka turte ka dubbatan – daarektarichi Waldaalee Fannoo Diimaa fi Baatii Diimaa Addunyaa, dhiibbaan COVID itti fides baay’ee hamaa dha, jedhu. Gargaarsi uummatni mootummaa biyyattii irraa eegu baay’ee baay’ee guddaa tahuu isaa fi kun baatiilee dhufan keessa ka dabalaa deemuu tahuullee tilmaaman. Gama biraan ka bara dabre taayitaa qabate – mootummaan biyyattii biyya hiyyeettii sana keessatti sirna siyaasaa sabatiinsa qabu fiduu fi hookkara siyaasaatti xumura gochuuf carraaqaa jira.
Gama biraan ka bara dabre taayitaa qabate – mootummaan biyyattii biyya hiyyeettii sana keessatti sirna siyaasaa sabatiinsa qabu fiduu fi hookkara siyaasaatti xumura gochuuf carraaqaa jira.
‘Onkoloolessa 12 Booda Mormiidhaan Waajjira Paarlaamaa Cufna’ Pirezdentii Waldaa Ogeeyyii Seeraa Keeniyaa Heerri mootummaa Keeniyaa bara 2010 raggaye warra ummata bakka bu’u keessa wal qixxummaan saalaa akka jiraatu ajaja. Seera kana raawwiitti ka geeddaruu dadhabe Paarlaaman biyyattii gidduu kana balaalefaftamaa jira. Kanaafis abbaan alangaa mootummaa keeniyaa Pirezdentiin Keeniyaa aangoo qabuun warra paarlaamaa kana teessoorara bittimsuu qaba murtee jedhu ilaalchisuun qaamoleen mootumama Keeniyaa hedduun yaada wal falmisiisu kennaa jiru. No media source currently available Murtoo kana ka deeggaraa jiran Prezdentiin Hawaasa Ogeeyyii Seeraa Keeniyaa Neelsen Haavii, akka Maaraagaan jedhan Pirezdentiin biyyattii raawwachuu baannaan, mormiidhaan dhaqnee paarlaamaa biyyattii cufnaa jedhan. Yoo, kaleessa gaazexeessitootaaf ibsa kennan, “Eeyyee, paarlaamaa dhaqnee, ni uggurra; Sababni isaas onkoloolessa 12 booda miseensi duraanii gara gamoo sanii dhaqu martuu, ofiin dhufiidha; Aangoo sabni keeniyaa seera akka tumaniif kenneefis hin jiru, kanaaf mirga fi aboo heera biyya keenyaan nuuf kennameen dhaqnee tarkaanfii malu ni fudhanna, mormiidhaanis paarlaamaa kana ni uggurra; Waan kanaan dura Burkinaa faasootti mudate asitti irra deebiwuu hi nfeenu nuti, waanni nuti feenu, namootni kun bakka san lakkisanii warri hojii fooyya’aa hojjetu akka bakka qabatani” jedhan Mr. Haaviin Boordiin filannoo keeniyaa ji’a sadii keessatti filannoo bakka bu’oota paarlaamaa akka gaggeessu, Ministeerri maallaqaas miindaa warraa akka ugguru gaafatan. Qaamolee fi Mootummooleen idila addunyaas yoo mootummaa Keeniyaa faana walii galan, hojiin paarlaamaa biyyattii dabalatu yoo jiraate keessa seenuurraa akka of qusatan gaafatanii, miseensonni paartilee siyaasaas yaada kanaaf bitamuu qabuu jedhan.
Qaamolee fi Mootummooleen idila addunyaas yoo mootummaa Keeniyaa faana walii galan, hojiin paarlaamaa biyyattii dabalatu yoo jiraate keessa seenuurraa akka of qusatan gaafatanii, miseensonni paartilee siyaasaas yaada kanaaf bitamuu qabuu jedhan. Yaadi paarlaamaa biyyattii bittimsuu kanarratti garuu himatni mana murtiitti irratti banamee jira. Jiraattonni lama murteen kun hiika seeraa dhadhacha mana murtii barbaadaa jedhanii himannaan, manni murtii olaanaa Keeniyaa murteen kun yeroof dhaabbatee, himata baname dhaggeeffachuuf ammoo Onkoloolessa 7’tti beellama qabee jira. Dhimma kanarrratti bulchiinsi keeniyaattaa haga yoonaa ka callise yoo tahu, dursaan paartii mormitootaa duraanii Raaylaa Odiingaa; Keeniyatttaan murtee kennuun dura, warra dhimmi kun ilaalu duuka gad fageenyaan mariyachuu qabuu jechuun akeekkachiisanii jiru.
Ruseesaa-bagiinaa-n lubbuu 1,000 ol du’a oolchan jechuun galateeffamaniiru.
Deemma garba irraa km 1000 durii kiraan doolara 2,377 baasa amma ammo gadi buusaniifii 951.Bidiruun nama itti guuran tun Morookoo fi Moritaaniyaa qofaa mitii Senegaali fi Gaambiyaallee hin kaha.
Bara 2012 finciila wal fakkaataa mooraa kana keessatti ka'eetu prezidaanticha biyyatti duraanii aangoo issaa darbee.
Gandeenii f horsiisee bulaan naannoleee Somaaliyaa waaltaa keesssaa hedduun meeshaa waraanaa hidhachuu dhaan loltoota al-Shabaab beeldaalee isaanii dabalatee qabeenya isaanii saamnitti duuluu eegalanii jiran.
Gabaasa Guutuu Caqasaa No media source currently available
No media source currently available
Hiriirtonni kun ennaa isaan iyyata isaanii waajjira prezidaantiitti dhiyeeffachuuf adeemanitti Poolisiin gaazii imimmaansu biifuu dhaan kara itti cufe.
Maadagaaskaar keessaa namoonni 527 vaayireisii koronaan yoo qabaman lama immoo du’aniiru.
“Haala akkanaatti ayyaana Ramadaanaa kabajamu jireenya keenya keessatti arginee hin beeknu,” jedhu – maatiileen tokko tokko.
Gabaasa Moki Edwin Kindzeka Yaoundé irraa gabaase Tujubtu dhiyeessa No media source currently available
Keeniyaan Sodaa COVID – 19’f Jecha Daangaa Somaaliyaa fi Taanzaaniyaa Waliin Qabdu Cufte Sanbata darbe Prezdentiin Keeniyaa Uhuuruu Keeniyaattaa Keeniyaan daangaa Taanzaniyaa fi Somaaliyaa waliin qabdu baballina Kooronaa hirrisuuf jecha cufuu ishee beeksisanii jiru. Keeniyaattaan yoo ibsan torbee darbe kana namootni Keeniyaa keessatti dhibee kanaan qabamuun isaanii mirkanaaye 43 warra daangaa kana lamaaniin qaxxaamuree gara Keeniyaa seene ta’uu ifoomsan. No media source currently available Keeniyaattaan, akka Koreen warra balaa biyyarraa qoluuf hundaaye gorsetti, Caamsa 16 harra irraa kaasee, daangaa Keeniyaa fi Taanzaaniyaa jidduu jiru qaxxaamuruun dhorkamuu, kana malees daangaa Keeniyaa fi Somaaliyaa jidduutis geejjiba kamiinuu nami qaxxaamuruun dhorkaa ta’uu ajaji darbee jira jedhan. Keeniyaattaan ajaji kun konkolaachistoota warra konkolaataa fe’umsaa oofu hin ilaallatu, isaan qoratamanii dhukkuba kana hin qaban taanaan daangaa kana qaxxaamuruu danda’uu jedhan. Qorannaa Kooronaa torbee darbe Keeniyaan warra karaa daangaa kana lamaan gara Keeniyaa seenuuf ture taasiste keessaa 78 dhukkuba kanaan ka qabaman waan turaniif Keeniyaan seensa isaan dhowwachuus himani. Dabalaniis ajaji sochii halkanii akka biyyaatti labsamee jiru, kkasumas Naayroobii dabalatee kutaalee bulchiinsaa Keeniyaa ka Kooronaan itti baballate jedhame keessaa bahuu labsiin dhorkus torbee sadiitiif dheerachuullee beeksisanii jiru. Keeniyaattaan dubbii isaanii sanbata darbeen waan daangaa Keeniyaa fi Itiyoophiyaa waanti dubbatan hin jiru; garuu Gaazexaan Keeniyaa qabiyyee siyaasaa gabaasuun beekamu ‘The Star’ Keeniyaan daangaa Itiyoophiyaa fi Sudaan Kibbaa waliin qabdus cufuu qabdi jechaan gabaasa barreessee jira. Keeniyaatti harras namootni 23 dhibee Kooronaan qabamuu ka mirkanaaye yoo tahu, harrumallee 22 dhibee kanarraa fayyanii gara manaa yoo galan, Bitootessa jalqaba erga dhibeen kun Keeniyaatti mullatee as ammoo namootni 50 Kooronaan du’anii jiru.
Keeniyaatti harras namootni 23 dhibee Kooronaan qabamuu ka mirkanaaye yoo tahu, harrumallee 22 dhibee kanarraa fayyanii gara manaa yoo galan, Bitootessa jalqaba erga dhibeen kun Keeniyaatti mullatee as ammoo namootni 50 Kooronaan du’anii jiru.
No media source currently available
Gabaasaa guutuu caqasaa No media source currently available
No media source currently available
Waluumaa gala Ertraa keessatti lakkoofsii namoota dhukkuba Kooviid-19 jedhamuun qabaman33 ga'ee jira jechuun oduu gabaasaan VOA Birhaane Berhee Asmaraa irraa gabaasee jira.
No media source currently available
Vaayresiin Kooronaa Keeniyaa Keessattis Mullate Ministeerri Eegumsa fayyaa Keeniyaa harra namni dhibee Kooroniyaa Vaayresiin qabame biyyattii keessatti argamuu mirkaneessee jira. Keeniyaan harra lammii biyyattii tokko irratti Vaayresiin Kooroonaa irratti mullachuu beeksiste. Ministeerri fayyaa Keeniyaa akka beeksiseen dhukkubi kun lammii biyyattii ganna 27 tokko irratti argamuu mirkaneessee jira. No media source currently available Mutaahii Kaagwee Kaabineen ministeera fayyaa Keeniyaa Vaayresiin kun lammii Keeniyaa dhiyeenya Yuunaaytid Isteetis irraa gara biyyatti deebiterratti mullatee jedhan harra yoo gaazexeessitootaaf ibsa kennan. Mr. Kaagween lammiin Keeniyaa dhukkubi kun irratti mullate shamarree ganna 27 ta;uu himanii amma yaala fudhattee fayyaanshee haala gaariirra jira jedhan. Ammas garuu lammileen Keeniyaa guyyaan isheen biyyatti deebitee fi ka dhukkubi irratti argame walirraa fagoo waan ta’eef vaayresiin kun tatamsa’in hin hafne jechaan sodaataa jiru. Kanaaf ka deebii kennan kaabineen ministeera fayyaa keeniyaa dubreen qabamte fayyinnishee fooyya’aa akka jiru, namoota erga biyyatti deebitee waliin turtes odeeffannoo guutuu nuuf laatteetti jedhan. Mr Kaagween lammileen biyyattii hagas dhiphachuu hin qaban jechuun akeekkachiisanii mootummaan biyyattii guyyoota 30’n dhufaniif dorgommiiwwan Ispoortii, hidhamttota daawwachuu fi wal gahiiwwan kamuu gaggeessuun dhorkaa ta’uu beeksisan. Nami dhukkuba kanaan qabame Keeniyaa keessatti mullachuun wal qabatee Embasiin Itiyoophiyaa Keeniyaa jiru lammilee Itiyoophiyaa Keeniyaa jiraataniif akeekkachiisa dabarseera. Harra karaa saba himaalee hawaasaan lammileen Itiyoophiyaa Keeniyaa jiraattan of eeggannoo akka taasistan; bakka nami itti hedduummatuus akka of qusattan jechaan dhaamsa dabarseera. Keeniyaan biyya Afriikaa vaayresiin kun keessatti argame ishee 13ffaadha.
Keeniyaan biyya Afriikaa vaayresiin kun keessatti argame ishee 13ffaadha.
No media source currently available
Mata dureen walgahii kanaas Afrikaa bahaa keessatti gamtoomiina biyyootaaf carraa haaraa banuu kan jedhu ta’uun beekamee jira.
Somaaliyaatti Ambaasaddarri Yunaayitid Isteetis haleellicha balaaleffatee, tarkaanfii “humnoonni nageenyaa Somaaliyaa fudhatan” jedhu immoo faarsee jira.
Mootummaan Ugaandaan gama isaan akka jedhutti dhimmi lammiwwan Ruwaandaa deemsa seeraan kan ilaaluu akkasumas nageenya Ruwaandaa jeequ kan hin barbaanne ta’u ibsee jira.
No media source currently available
Kan alaabaa Noorweey of irraa qabdu dooniin Viking jedhamtu hanga adeemsi jiru xumuramutti torban lamaaf galaana Mediteraaniyaan irra turte.
Kana malees bulchaa ykn Kantibaa magaala Asmaraa akkasumas ministeera eegumsa fayyaa ta’uun hojjatanii turan.
Erga bara 2003 qabee waggaa waggaatti barattoota kuma 11-kuma 15 dta’antu mooraa Sawaa seenu.
Akka kanaan Hagayya 28 jalqabdee Jappaan mi’a Kooriyaa itti dhufu tokko tokko laalti.Kooriyaa Kibbaa Jappaaniin ufoo jette.\n\nAddunyaa keessaa Chaayinaatti mi’a hedduu biyya alaatti gurgurachuun beekan
No media source currently available
Gabaasaa guutuu caqasaa No media source currently available
Mutaarikaa dura kan turan prezidaant Jooyis Baandaa deggersa kennaniifii akka turan illee ni yaadatama.
Dubbi himaan bulchiinsa waraana yeroo ce’umsaa harcaatonni mootummaa dullacha ta’ee warraaqsicha irratti qiyyaafachuu dhaan hookkara kaasuu fedhu jedhan.
Gamtaan Afrikaa fi biyyoonni Addunyaa gama Dhihaa hedduun, akka mootummaan cehumsaa hatattamaan hooggana Siiviliitti kennamuu fi filannoon geggeessamu waamicha godhanii jiran.
No media source currently available
Gargaarsi US ardittiif kennitu martinuu dantaa Ameerikaa kan dursuu fi Afriikaa gara of danda’uutti kan geessu ta’uu qaba jedhan.
“Ertiraan dhiittaa mirga dhala-namaa hamaa keessa ka dabarte waan taheef, loogii tokko malee wal-qixxummaaf, haqaaf, nagaaf, bilisummaa fi kabajamuu mirga dhala-namaaf ni falmiti” jechuun deebii kenniti.
Angawoonni nageenyaa kan somaaliyaa kanneen jalqaba lafa balaa Sanaa dhaqqaban akka jedhanti hidhattoota 4tu hoteela seenee gamoo ol aanu irraa achii gad haleellaa banan jedhu.
Prezidaantii taayitaa irra jiran – Herii Raajaa–Onaarimaam-Piyaaniinaa, kan seera filannoo biyyattii jijjiiruu yaalan irratti fincila ka’ee ture tu, akka isaan gad-taa’anii mari’achuun filannoof haala miijessan dirqsiise.
No media source currently available
Galmoo Daawit dabalata qaba No media source currently available
Itti gaafatamaan guddaan Tokkummaa Mootummootaa durii,Koofii Anaan,hiyyummaa diqqeessuu fi mirga namaa guddisuuf hojjachaa bahe Koofii Attaa Anaan,itti gaafatamaan guddaan Tokkummaa Mootummootaa nama waan hedduu galateeffatan.Bara 2001 keessa isaa fi dhaaba isaallee Nooberlii badhaasan. Dootii isaa addunyaayyuu waan hedduun bakassite,rifachiifte.Itti gaafatamaan guddaan Tokkummaa Mootummootaa,Antooniyoo Guteres Koofii Anaan hariyaa dansaa,jabaa itti hirkatan,wannii innii hojjate nama hedduu gammachiifte jedha. Koomishineerii mirga dhala namaa Tokkummaa Mootummootaa,Zeida Ra’ad Al-Huseen addunyaa nama jabaa dhabde jedheen. Oduu himtuun Koomishineer Tokkummaa Mootummootaa,Ravian Shamasadin Koofii Anaanii fi Al Huseen akka abbaa fi ilmaa wali beekanii waan hedduu waliin qaban jetti. “Koomishineerii Al Huseen yoo tokko tokko dubbii mriga namaatii falmuu tanaa 'haga dabarsee' fa jedhee Anaan gaafata.Wal mari’achaa hojjatan.” Porofessor James Jonha bara 1992-1994 keessa itti aanaa damee siyaasaa Tokkummaa Mootummootaa tahee hojjachaa bahe. Afrikaan, Koofii Anaanii fi waan innii hojjate ulfeessitee qalbuma suniin hojjachuu malte jedha.Qalbiin innii hojjatee ta Afrikaa fi Addunyaa nagaa buusan. “Hiyyuma diqqeessuu fi namii mirga jabeessuuf hojjachaa bahe.Bulchootii Tokkummaa Mootummootaa isaan duraa keessaa qablii akkasii guddoo hin argitu.Haga hujii irra bu’ee sunuma hojjachaa bahe. Zibmaabuwee,Afrikaa Kibbaallee kessalleetti tanuma dubbachaa ture. Mootummaan ummata jiressuuf hojjachuu qaba. Tana irratti ammoo jaarrolee hedduu waliin hojjachaa bahe.” Koofii Anaan dhalootaan nama Gaanaati.Butiroos Butiroos Gaaliitti aanee nama lammeessoo Afrikaa keessaa filatamee Tokkummaa Mootummootaa bulchaa bahe.
Tana irratti ammoo jaarrolee hedduu waliin hojjachaa bahe.” Koofii Anaan dhalootaan nama Gaanaati.Butiroos Butiroos Gaaliitti aanee nama lammeessoo Afrikaa keessaa filatamee Tokkummaa Mootummootaa bulchaa bahe. Guyyaa dheengaddaa,Hagayya 18, Siwitzerlandi,Bern keessatti ganna 80tti lubbuu dhabe abbaa ijoollee sadiiti.
Biyyoonni miseensota Gola Naga-eegumsaa ka Tokkummaa Mootummootaa deemsa nageenyaa kanaaf akka degersa gama isanaii gumaachaan waamicha godhee jira.
Biyya Afrikaa tokkotti hafte Senegaalillee hardha 1-0 keessaa galchan taatullee Senegaal barana goolii afur galfattee gurraan galte Biyya Afrikaa tokkottiin FIFA 2018 keessatti hafte Senegaalillee 1-0 keessaa galchanii taatullee Senegaal barana goolii afuriin galfattee gurraan biyyatti galte Nyeencii Tarangaa,gareen Senegaal dhiitachaa hedduu dandamattee asi geette. Tapha FIFA 2018 irratti garee H keessa jirti.Koloombiyaa,Jappaanii fi Polaandiin walti marte. Afrikaan barana haga dandeettu loltee jabaa walti lakkiftee keessaa galte. Senegaal tapha sadii keessatti goolii afuri galfattee mirgaan galte. Senegaal Polaandi 2-1 dabsatte,Jappaaniin lanqaasoo jiddee 2-2 walqixxee galte. Kolombiyaan ammoo isii 1-0 moote. Warra tapha sadeen kana keessatti Senegaalii goolii galche Sadio, Mousa, Tahihgoo fi Mibaayaa. Waancaa Kubbaa Miilaa Addunyaa baranaa irratti gurbaa Ingilaani Haari Kaneetti goolii 5 galfatee tokkeessoo jiraa, ka Poortugaal Kiristiyaan Ronaaldoo 4 galfatte lammeessoo jiraa ka Beljiyeem Lukaakuulleen goolii 4 faana jira. Waancaa Kubbaa Miilaa ka baranaa kana ittuma jiranii marroo 45 taphatanii goolii 116 walti galchan. Jabaa hedduutti keessaa galee jabaa hedduutti walti hafe. Afrikaan duula kubbaa miilaa addunyaa kanaa dhiiraa jajjabduu 115 biyya shan keessaa walti filatte.Biyyitii cufti dhiira 23 sadiin dhufatte.Dhiirtii tun yoo walti deebisan tapha torbaan lamaatti goolii 12 galchiteef. Federeshiiniin kubbaa miilaa addunyaa FIFA biyya 32 dorgommii baranaatiif dhufan $miliyoona 400 kennuuuf lafaa qaba.Biyyitii tokko mootee dhibaattellee yoo diqqaatee $miliyoona 8 argatti. Yoo shaampiyoonaa tahee mootummaan galate ammoo miliyoona 38 haratti.
Yoo shaampiyoonaa tahee mootummaan galate ammoo miliyoona 38 haratti. Jermeniin ganna 4n duratti doolara miliyoona 35 argatte.Biyyitii itti aante Arjentiinaan miliyoona 25 argatte. Woma taateefuu amma biyya 16 walti hafee. Jarii kun haga torbaan lamaan dhufaa waluma qoraasee lama keessaa walti hafa.
Haadha warraa isaa, Meerii, fi jaallattoota isaa maraaf jajjabina hawwa.
No media source currently available
Nama 130 caalutti tanaan dhumate.Keenyaa naanoo Rift Valley ji’a lamaa asittuu bokkaa guddaatti roobuutti jira.
Ajjeechaa sanaaf itti gaafatama kan fudhate hin jiru.
Seneter Kris Koon itti dabaluu dhaan jilli kanaaf prezidaant Doonaald Traamp Afriikaa ilaalchisuun ilaalcha gaarii hin ta’in isaan qabanii fi hanga yoonaa biyyoonni Ambaaaadderoota hin qabaatin jiraachuu ilaalcisee gaaffiin dhiyaachuu illee hin dhoksine.
Al Bashir baatii darbe namoonni siyaasaa 80 akka hiikamaniif ajaja kennanii turan.Mormitoonni garu amma iyyu kanneen 50 ta’an amma iyyu hidhaa keessa jiru.
Hoogganaan Garee Mormituu Keeniyaa Prezidaantii Biyyattii Ofiin Jechuun Hirbuu Seenan Hoogganaan garee mormituu Keeniyaa Raailaa Odiingaa deggertoota gammachuun guutaman kanneen kumaan laka’amanii fi har’a waaree booda Uhuruu Paark jedhamutti wal ga’anii simatanii jiran. Maanguddoon waggaa 73 fi deggertoonni isaanii jamaa walitti qabame gidduu ennaa darbanitti deggertoonni isaanii ennaa isaan prezidaantii uummataa maqaa jedhuun hirbuu seenan wal dhiibaa ilaaluuf ariifataa turan. Kitaaba Qulqulluu qabatanii hirbuu erga seenanii booda, Odiingaan guyyaan kun uummata Keeniyaaf guyyaa seena qabeessa jedhan. Tarkaanfiin har’a fudhatame tarkaanfii tokko fuula duratti deemuu dhaan adeemsa filannoo wal dha’aa xumuraan kan ga’e, Dimokraasii dhugaa biyya keenya keessatti kan gad dhaabe jedhan. Gama biraan ministriin dhimma biyya keessaa battaluma erga sirni sun raawwatee booda gurmuu Odiingaa, akka seera ittisa yakkaa Keeniyaatti kan “National resistance Movement” jedhamu garee yakkamtoota qindaa’ee jechuun ibsa baase. Odiingaan filannoo prezidaantummaa irra deebii waggaa darbee dhiisanii ba’uu dhaan injifannoo prezidaant Uhuru Kenyattaan labsame illee fudhatama dhabsiisan. Abbaan alangaa muummichi Keeniyaa akka jedhanitti Odiingaan ofii isaanii prezidaantii godhanii of moggaasuun hojii ganiinsa biyyaa guddaa kan du’aan adabsiisu jedhan. Waajjirri Prezidaant Keeniyaattaa torban darbe tarkaanfiin kam iyyuu seera keeniyaan ilaalama jechuun Odiingaa akeekkachiisee jira. Angawoonni deggertoota Odiingaa irratti gaazii imimmaansu biifan iyyuu humna poolisii hedduutu bobbaafama jedhamee eegames gamas hin dhaqqabin hafe. Mormitoonnis hoogganoonni isaanii sirni sun utuu hin geggeeffamin hidhamu jechuun yaadda’anis homtuu hin taane. Odiingaan yeroo xiqqoof jamaa dhaadannoo uummati tokkoome hin injifatamu jedhu dhageessisu dursuun deemaa turan.
Odiingaan yeroo xiqqoof jamaa dhaadannoo uummati tokkoome hin injifatamu jedhu dhageessisu dursuun deemaa turan. Odiingaan jalqaba baatii Amajjii VOA afaan Swahilif ibsa kennaniin mootummaa fincilu ykn Keenyiaa keessa ykn biyyattii alatti hundeessuun mala jedhanii turan. Odiingaan har’a waaree booda hirbuu erga seenanii booda maqaa Twitter isaanii “prezidaantii Ripublikii Keenyaa” ka jedhutti jijjiiran. No media source currently available
Moqadishoo irraa gara gama kibba dhiyaatti kiloo meetra 180 irratti magaalaa argamtuu Burhakaba jedhamtu keessa waraana jiraniif Abroneen ajajaa kutaa turan.Maddeen akka jedhanti Abrooneen akka hamaatti eega madaa’ee booda hidhattoota qabatanii ajjesan.
Jarreen shanan waggaa haaraa reefuu seenuu kana keessatti al shabaab dhukaasee yeroo ajjesuu jiraattonni naannoo 500 ta’an ilaalaa turan.
Tahus garuu, buufataaleen filannoo kan Onkoloolessaa sana caalaa qindaawaa tahuu isaa fi rakkoon mul’ate akka hin jirre dubbatu – gabaasaaleen bahan.
Ummatii biyya sunii gammacuu lafa goosuutti jira.
Naga eegumsi illee cimuu isaaf hoogganaan humnootii naga eegumsaa uummati sagalee kennee hojii isaa idilee akka itti fufu jajjabeessaa jiran.
Baqattoonni Sudaan Kibbaa Ugaandaatti Yaa’uu Itti Fufan Lakkoobsi baqattoota Sudaan kibbaa Ugaandaa seenan miliyoona tokko ga’ee ennaa jiru kanatti maatiiwwan imalli dadhabsiise torban kana Ugaandaa seenuu itti fufaniiru. Uummati ennaa daangaa qaxxaamuru gareeleen ripxe loltootaa hidhannoo qaban itti dhiyeenyaan hordofaa jiran. Baqattoonni haaraa gamas seenan bakka nageenyaaf amansiisaa ta’e barbaaduuf jecha rooba yandoo, qorra kotteessaa halkanii fi aduu akkaan gubu keessa darbu. Lacey Lya fi maatiin isee Ugaandaa erga seenanii booda boqonnaaf gad taa’an. Distii waa itti bilcheeffanno, saanii itti nyaannu, kubayaa itti bishaan itti dhugnu hanga tokko qofaa qabannee torbanneen sadiif muka jala bulaa turre. Biyya kessatti waan ta’aa jiru dhiifnee bakka nagaan jiraannu barbaaduuf deemna jette. Wal waraansi Sudaan kibbaa baatii Muddee bara 2013 jalqabame. Jaarmoliin gargaarsaa garuu walii galteen aangoo qooddannaa milkaa’uu waan dhabeef jecha Adoolessa waggaa darbee qabee hookkarri hammaatee jira. Siivilonnis dhiibbaa walitti bu’iinsa kanaan miidhaan irra ga’e. Koreen fannoo diimaa akka jedhutti lammiiwwan Sudaan Kibbaa miliyoona kudha lama keessaa sadii keessaa tokko qe’ee ofii irraa godaaneera. Nama lama keessaa tokko immoo akkaan beela’anii gargaarsa midhaan nyaataa eeggatu. Lakkoobsi baqattoota Ugaandaa seenanii miliyoona tokko ga’uun hawaasa addunyaa kan dammaqsu ta’uu qaba, hookkaraa fi dararaa siivilota Sudaan Kibbaa irratti raawwatamu dhaabsisuuf illee tarkaanfiin fudhatamuu qaba jechuu dhaan Amnesty Internaatinaal waamicha dabarsee jira. Tokkummaan mootummootaa akka jedhutti erga baatii Adoolessa bara 2016 qabee Ugaandaan guyyaatti baqattoota Sudaan Kibbaa 1800 simataa jirti. Kanneen keessaa dhibba irraa harki 85 dubartootaa fi ijoolle dha.
Kanneen keessaa dhibba irraa harki 85 dubartootaa fi ijoolle dha. UNHCR damee Ugandaaf dubbi himaa kan ta’an Charlie Yaxley akka jedhanitti kan umuriin waggaa 18 dubree maqaan ishee Tabu Sunday jedhamtu baqattoota Sudaan Kibbaa gamana seenan keessaa tokko. No media source currently available
Biyyiti tun lamaanuu misaayila walti qarachuutti jiran.Amerikaan misaayila misaalya fagoo tokkosan fuula keessa dhufee qilleensa irratti bobeessu,ibidda ibidda nyaatu qopheeffanne jetti.
No media source currently available
Muummichi barreessaan tokkummaa mootummootaa Antooniyoo Guterees xumura waggaa kanaa lakkoobsi itti dabalaa gad xiqqaachuu fi dhiisuu irratti gola naga eegumsaaf gabaasuuf karoorfataniiru.
No media source currently available
Ertraa fi Jabuutiin bara 2008 keessa erga akka Jibuutiin jettutti Eertraan loltoota ishee daangaa irratti bobbaafteer booda walitti bu’anii turan.
Nageenyi Dhabamuun Dinagdee Addunyaa Miidhe: Waaltaa Nageenyaa fi Dinagdee Addunyaa Heddummaachuu isaanii irraan kan ka’e lakkaa’uun kan hin danda’amne Reeffi namootaa haleellaalee dhiiga dhangalaasisan jeequmsa fi waaltaalee siyaasaa irratti aariin belbele US dabalee waggaa darbe qofaa dinagdee addunyaa irraan kisaaraa laka’amu geessisee jira jedha waaltaan dinagdee fi nageenya addunyaa. Miseensa waaltaa kanaa kan ta’an Michelle Bresloor VOA dhaaf gama eskypn akka ibsanitti nageenyi addunyaa fooyya’aa adeemus fakkeenyaaf US, giddu galeessa bahaa fi naannolee Kaaba Afriikaa keessaa garuu boora’aa adeemuu isaa argina. Biyyoota nageenya qabanii fi nageenyi keessatti hin mul’anne gidduu adda aduummaan jirus dabaleera. Kana jechuun nageenya naannoo addunyaa jiru gidduu adda addummaa guddaatu jira jechuu dha jedhan. Breslauer itti dabaluu dhaan adda addummaan siyaasaa US keessaa erga filannoo prezidaantummaa bara 2016 ajjeechaa poolisii fi haleellaan shorokeessotaa dabalamee nageenyi Ameerikaa isa kana duraa irraa akka gad bu’u ta’ee jira. Akka madaala nageenyaatti jedhan Michelle, sadarkaan US irra turte 11n gad bu’eera. Qorannaaleen biyyoota irratti geggeessaman biyyoota 163 keessaa US 114ffaa irra jirti. Kunis kan ta’e walitti bu’iinsi US keessaa yeroo dhaa gara yerootti hammaataa adeemuu isaanitiinii jedhan. Fakkeenyaaf sochiin blacks life matters jedhu kan eegalame illee hookkara poolisii mormuu irraan kan ka’e jedhan Michelle. Gabaasi nageenya addunyaa madaalu haaraan kun akka agarsiisutti biyyoota 23 keessatti seenaa keessatti sadarkaan shorokeessummaa dabalee jira. Awrooppaan haleellaalee Ferensaay, Brussels fi London keessatti raawwatamaniin miidhaan guddaan dhaqqabu iyyuu naannoleen kun kanneen nageenyi keessa buufatani.
Awrooppaan haleellaalee Ferensaay, Brussels fi London keessatti raawwatamaniin miidhaan guddaan dhaqqabu iyyuu naannoleen kun kanneen nageenyi keessa buufatani. Siiriyaan waggoota shan walitti aanuuf addunyaa irraa biyya nageenyi isee akkaan gad bu’aa ta’uu gabaasichi ibsee jira. No media source currently available
Dorgommii kubbaa miilaa ijoollee addunyaa (FIFA U-20) Kooriyaa Kibbaatti itti jiran, bori Zaambiyaa fi Jermeniitti taphata Biyya 16 torbaan tokkkoon duratti jalqabee Kooiryaa Kibbaatti itti jiran. Afrikaa keessaa Giinii,Senegaal,Zaambiyaa fi Afrikaa Kibbaatti keessatti dabre. Amma Senegaalii fi Zaambiyaa qofatti hafe. Taphuma qaraa irratti Kooriyaan Kibbaa Giinii 3-0 garafate.Zaabmiyaan Poortugaal 2-1 irraa galchite.Jappaan Afrikaa Kibbaa 2-1 gangalchite.Senegaal ammoo Sawudii Arebiyaa 2-1 tolchiteef.Zaabmiyaan Poortugaal 2-1 irraa galchite taan ammoo Iraan 4-2 garaa addeessitee moote.Xaliyaanii ammoo Afrikaa kibbaa 2-0 qaarifte.Amerikaalleen Senegaal 1-0 carassite. Akkum akanaan Amerikaan isii F keessaa tokkeesoso jirti.Ingiliziilleen garee isii keessaa qabxii 7n Venezueelaan qabxii 9n Zaambiyaa qabxii 6n Urugaay qabxii 7n Faransaay qabxii 9n garee isaanii keessaa tokkeessoo jiran. Hardha Poortugaal Kooriyaa Kibbaa 3-1 moote.Venezueheelaa fi Jappaan itti aanee taphata.Bori ammoo Urugaay fi Sawudii, Zaambiyaa Jermenii,Koostaa Rikaa Ingilaanditti taphata. Iftaanii achi aantu ammoo Senegaalii fi Meksikoo Faransaay Xaliyaana, Amerikaa fi New Zilaanditti waliin taphata.Dorgommiin tun guyyaa 10n duubatti dhumatti Xurunesh dorgommii km 10 tana daaqiiqaa 31:03 moote.Xununesh dorgommii akkanaa tana tana waliin marroo afur moote. Namii isiitti aanee lammeesoo bahe atileetii Faransaay Christelle Daunay, Katriinaa Wootton sadeessoo. Dorgommii dhiiraatiin ammoo atileetii Amerikaa Dathan Ritzenheyin moo’e. Namii kun km 10n tana daqiiqaa 28:06 moohe.
Lammeessoon atileetii dhalootaan Keeneyaa lammii Amerikaa Bernard Lagat.Atileetiin Afrikaa Kibbaa Stephen Mokoka ammoo sadeessoo daqiiqaa 28 fi sekondii. Dorgommii FA CUP ta kalee Arsenaalitti Chelsii moo’ee marroo 13esso Shaampiyoonaa taate.FA CUP dorgommii kubbaa miilaa kilbootii Ingiliizi 736 2016-2017 waliin taphatan. Ganna dabaree jalqabanii waluma jalaa haharacahaa Arsenaalii fi Chesliin walti hafe.Arsenaalitti Chelsii 2-1 moo’e. Chelsiin tapha guyyaa dheengaddaa kana silaa akka dansaa jalqabde taatullee taphataan Arsenal Aleksi Sanchez daqiiqaa 4esso irratti gooi Chelsii keessaa buuseef jennaan qabbanofte. Boqonnaan duubatti taphataan Chelsii Diyaagoo Kostaa daqiiqaa 76esso irratti goolii Arsenal keessa buusee taphii 1-1 taanaan Chesliin furatte. Adoo furachaa beekanuu Vikotor Mooses seera malee taphate jedhanii tapha keessaa baasani Chelsiin nama 10 taatee Arselan jala horiite. Adoo bahiitii isaatii dubbatanii Aaron Ramsey taphataan Arsenaal daqiiqaa 79essoo irratti kubbaa gamaa itti kennan mataan goolii Chelsii keessa buufatee Chelesii The Blues harklii afaanti goge. Daqiiqaa 20n hafetti Chelsii shaampiyoonaa EPL ta baranaa nama 10 tapahttee taphii sunumaan dhuamtee Arsenaal mootummaan galatte. Arseene Wenger barana kana name tokkolleen hujii isaa jhin jaalatiniif kaan tana waliin marroo torba kialbii isaa waancaa nyaachise nama ganna 67ti dhalootaan Faransaay. Seenaa FA CUP ka amma ganna 146 keessatti manaajerii marro torba shaampiyoona tahe Arsene qofa.Dorgommii tana kilabootii kubbaa miilaa Ingiliizi haga diviziyoona 10 jiran cufti irratti wal dorgomanii abbaan moohame tokkummaan keessaa gala.
Seenaa FA CUP ka amma ganna 146 keessatti manaajerii marro torba shaampiyoona tahe Arsene qofa.Dorgommii tana kilabootii kubbaa miilaa Ingiliizi haga diviziyoona 10 jiran cufti irratti wal dorgomanii abbaan moohame tokkummaan keessaa gala.
Ahmad gama ispoortiitiin waan hedduu jijjiiree Afrikaa gargaaruuf waadaa gale.
Dorgommii kubbaa miilaa Afrikaa U-20 Zaambiyaatti itti jiran Itoophiyaan ammoo dorgommi Qaxxaamura Addunyaatiif nama 35 kopheeffatte No media source currently available U-20[under 20] maqaa kubbaa miilaa Afrikaa ijoolleen gannii isaanii 20 gadii irratti wal dorgomaaa Zaambiyaa magaalaa lama keessatti wal dorgomuutti jiran.Biyyitii 8n Kameroon fi Afrikaa Kibbaa,Senegaalii fi Suudan, Giinii fi Masrii. Dorgommiin tun ta dorgommii kubbaa miilaa addunyaa ijoolleen ganna 20 dorgommii FIFA-n barana Kooriyaa Kibbaatti kopheessuuf waliin tapahtan irratti kophaahan. Dorgommii FIFA U-20 Caamsaa 20 haga Waxabajjii 11,2017 Kooriyaa Kibbaa keessatti taphatan. Tapha kalee irratti Zaambiyaan Giinii 1-0 moote.Goolii tana gurbaa Zaambiyaa Awustiriyaa jiru Patson Dakaatti daqiiqaa 48 irratti keessa buuseef. FIFA Pirezidaantiin Federeshiinii waldaa kubbaa miilaa Addunyaa,FIFA, Giyaanii Infantiinoo Afrikaatti imaltu dhaqee.Imaltuu Afrikaa Kibbaatii fi Zimbaabuwee fixatee guyyaa dheengaddaa Ugaandaatti goree bulchootaan wal dubbate. Infantiinoon gaafa huji tanaa dorgomuuyyuu Afrikaan gama ispoortiitiin qablii tiyya hin baatu jedhe. Tanaaf jedhee itti gaafamttuu bulchiinsa FIFA dubartii Afirkaa Fatma Samoura hujiitti filee jedha. EPL,dorgommii kubbaa miilaa kilaboota Ingiliiz.Dorgommii EPL eegii jqlabaii torbaan 26 keessa jiranii kalee fi guyyaa dheengaddaa qofa goolii 18 gale. Hardha ammoo Leser Sitiin Liverpuul 3-1 moote.Kalee Totten Ham kialbii Istookki 4-0 garafte.Westi Biroom Bournemoutzi 2-1 moote.Everton kilabii Sunderlandi 2-0, kialbiin Kiristaal Paalaasi ammoo Middolesbrotzi 1-0 moote.
Hardha ammoo Leser Sitiin Liverpuul 3-1 moote.Kalee Totten Ham kialbii Istookki 4-0 garafte.Westi Biroom Bournemoutzi 2-1 moote.Everton kilabii Sunderlandi 2-0, kialbiin Kiristaal Paalaasi ammoo Middolesbrotzi 1-0 moote. Chelsiin kilabii Siwaan Sitii 3-1,kilabiin Hull Sitii ammoo kilabii Burneley FC 1-1.Westi Haamoo fi Watfordi ammoo 1-1 gargar bahan. Itoophiyaan dorgommii Fiigichaa Qaxxaamura Addunyaatiif Ugaandaatti kopheessaniif atileetota 35 kopheeffatte Dorgommiin Qaxxaamura Biyyoolessaa dorgommii IAAF ganna lama lamaa qopheessu. Dorgommii ganna kana Ugaandaatti qopheessa.Atileetota addunyaa hedduutti irratti wal dorgoma. Itoophiyaan akka obboo Duubee Jiloo atileetiksii biyyoolessaa keessaa jedhetti Genzebee Dibaabaa fa waliin nama 35 kopheeffatte.Jarii kun amma hoteelii jiraa leenjii fixatee dorgommiif ufi kopheessuutti jira.
Ka moo’ame harqee galee, ka moo’ee qiliixamaa dorgommiif qophii jira,Waancaa AFCON 2017f Masrii fi Kaameruuti walti falachuutti jira Dorgommii Waancaa Kubbaa Miilaa Afirkaa,AFCON 2017 korommii lamatti walti hafe;Masrii fi Kaameruun iftaan waliin taphatan.Jarii lachuu jabeennaa fi qarooma kubbaa miila isaanii iftaa Gurrandhalaa 5,2017 gumi kuma dhibba dhibba hedduu durattu wayaa keessaa yaahee dirree Gaabon keessatti wal agarsiisfata.Tapha kana istaadiyoomii Stade De I'Amitie keessatti akka sagatana isaaniitti 19UTC irratti jalqaban.Saatii biyya jirataniitti jijjiiradhaa laalaa. Jarii kun bara 2008 irralleetti akkanuma dorgommii Gaanaatti taphatan irratti akkanuma walti maree Masrin 1-0 moote.Gaanaan gaafasillee sadeessoo taate. Kaameruun barana ijoollee kialbii EPL keessa taphatan ka akka Arnaud Djoum fi Clinton N'Jie guurrattee dhufte. Masriin ammo EPL keessaa nama sadiin dhufatte;AhmedElmohamady (Hull) Mohamed Elneny (Arsenal) fi Ramadan Sobhi (Stoke), kana qofaa mitii taphataan kubbaa miilaa Chelsii ka durii Mohamed Salah fa. Masriin tana waliin marroo 9 dorgommii akkanaa tana biyya lamaan walti hafan keessaa tokko taate. Namichii goolii isii eegu,Essam El Hadary nama ganna 40ti. Goolii adabii lama qabeef barana.Baranallee badhaafamuu hin oolu.Qara bara 1998 keessa badhaafame Leenjisaan Kaameruun Hugo Broos gareen teenna “ijoolleen teenna ta ajaahibaatii waancaa ufiin seena,”jedha. Dorgommii waancaa Afrikaa dorgommi ganna lama lamatti taphatan. Dorgommiin tun amma ta 31essoo torbaan lamaan duratti jalqabii ammalle Gaabonitti itti jiran Gurrandhalaa 5, 2017,torbaanuma kana dhumatti.Biyya 16 jalqabee lamatti waancaaf walti hafe.
Dorgommiin tun amma ta 31essoo torbaan lamaan duratti jalqabii ammalle Gaabonitti itti jiran Gurrandhalaa 5, 2017,torbaanuma kana dhumatti.Biyya 16 jalqabee lamatti waancaaf walti hafe. Ka moohame haraqaa kesaa galee ka moo’e ammoo qiliixamaa, gammachun dorgommi itti aaantuu kurfoo jira.Gaanaa,biyyitii taphattoota jajbjaaoo qabaachuu beekamtu hardhallee hin taaneefii dheebuu ganna 35n galatte.Bara 2015 Ayvori Koostiin waancaaf walti martee moohamte. Bara kurnya hedduutii asitti waancaa hin moone taatullee sadrkaa sadeessootiif bori tapahtti bara Masrii fi Kaameruun ammallee akkuma bara 2008 waancaa Afrikaatiif walti maran.Bara sun Masriitti 1-0 moo’e. Taphatootii kilabii Awurooppaa keessaa jiran ka akka, Joel Matip, Eric Choupo-Moting, fi Allan Nyom faatii warra biyya tana fulaa bu’ee dorgommii AFCON tanaaf dhufuu dide. Bori Gaanaa fi Burkiinaa Faasootit taphataa iftaan ammoo Masrii fi Kaameruunitti waancaaf tapahta.AFCON 2019 ganna lamaan duubaa ammoo Kaameruunitti qopheessa. Waancaa baranaa eennutti moo'ee mootummaan galata seetan?Me waan jettan jedha. Gama kaaniin ammoo dorogommiin Amerikaatti beekamtu dorgommii kubbbaa harkaa miilaa Amerikaan football jedhan.Baranallee garee hedduutti waliin taphachaa bahee amma garee lamatti Super Bowl 51f walti hafe.Super Bowl jechuun waancaa kubbaa harkaa fi miilaa Amerikaa jechuu dandeenna. Amma garee New England (Patriots) fi garee Atlaantaa (Falcons) ti walti hafe. Jarii ammoo Gurrandhalaa 5,2017 istaadiyoomi NRG godina Teksas magaalaa Husten jiru keesastti taphata. Dorgommiin tun ta namii miliyoona dhibba hedduu daawwatu.Beeksisii yeroo boqonnaa dorgommii tana irratti himamu sekondii 30ti doolara biliyoona 5.02ti.
“Prezidaantii haala sirna-qabeessaan filatame arguu barbaadna.” Jedhanii, yoo kun ta’uu dhaa baatee, haala amma mul’ataa jiruun, haala walabaa fi madaalawaa hin taaneen prezidaantiin filuun yaalame, fedhii fi dandeettii hawaasni Addunyaa prezidaanticha waliin hojjechuuf qabu daangessuu akka malu akeekkachiisan – aangawaan Tokkummaa Mootummootaa kun.
Dorgommii AFCON 2017 Gaabonitti itti jiranii haga ammaatti goolii 40 gale. Hardha biyya 4ti taphata jarii walti hafe akkamitti jira? Marroo 20 taphatanii goolii 40 gale hagii tokko keessaa galee hagii tokkolleen faanuma jira.Dorgommii AFCON 2017 eegii jalqabani guyyaa 10 keessa jiran.Hardha tapha lamatti jiraa biyya 4ti taphata. Hardha Toogoo,DRC,Nyeenca fi Morookooti taphata.Taphii kun daqiiqaa 30n duubatti jalqaba.Togo fi DRC fi Morookoo fi Ayvori Kosti waliin tapahta. Aljeeriyaan galtee Gaaboon keessaa bahyanii bahanii biyya 16 jalqabee biyya 8 walti hafuuf deema.DRC biyya 8n walti hafan tahuuf deemuutti jirti tapha lamaan taphatte keessa hin moohamne.Tapha Jimaata dabree irratti Ayvoorii Koostiin 2-2 gargar baate Tapha kana irratti Toogoon moohuu baannaan keessaa galti Ayvori Kosti dabruuf ammoo Morookoo moohuu malte. Tapha duraan taphatan irratti Morookoon Toogoo 3-1 moote.Leenjisaan Toogoo taphataa Arsenaalii fi Kiristaal Paalaasi ka durii, Emmanuel Adebayor waan guddoo irraa eegata. Namii Toogoon abdattu ka dhibiin Marheu Dosseviiti ka biyya Giriikii tapha biyya isaa DRC moohachiisa Sadarkaa FIFA,Waldaan Federeshiinii Kubbaa Miilaa Addunyaa baasetti Toogoon 90essoo jirtii DRCn ammoo 49essoo. Ayvori Kosti shaampiyoonaa AFCON bara 2015 taatullee amma akka qaraa kaan hin jirtuu duubatti deemuutti jirti.Morookoon ammoo wayyaahaa deemuutti jirti. Tapha jalqabaa lamaan warra waliin taphatte walqixxee baate.Tapha kana mootee jennaan tapha itt aanutti dabartii tahuu baannaan xaxattee keessaa galti.Yoo walqixxee baatellee hinuma dabarti yoo qabxii tokkoon caaltellee hinuma dabarti.
Tapha jalqabaa lamaan warra waliin taphatte walqixxee baate.Tapha kana mootee jennaan tapha itt aanutti dabartii tahuu baannaan xaxattee keessaa galti.Yoo walqixxee baatellee hinuma dabarti yoo qabxii tokkoon caaltellee hinuma dabarti. Morookoon dorgommii sadarkaa addunyaa 14 bara dabre taphatte keessaa shan qofa moohamte. Ayvori Kosti tapha sadarka addunyaa ganna dabre taphatte keessaa 14 taphattee 8 walqixxee baate Ilmaan Turee lamaanii fi Diroogbaan dorgommii addunyaa keessaa bahanii hardhallee Ayvoorii Koostiif taphachuu dhabuun isaanii Ayvori Koosti wa dhabsiifti. Ayvorii Kosti tapha AFCONiif dabruuf tokko qofa akka dansaa moote. Morookoon ammoo taphuma dorgommii itti seente cufaa warra waliin taphatte ufuma dura qajeelchaa asi geette.
Gabaasa guutuu kana cuqaasuun dhaggeeffadhaa No media source currently available
Yoo Yaayyaa Jamee taayita gad-lakkisuu didan itti duuluuf jecha – loltootnni gamtaa biyyoota Afrikaa Dhihaa, kan ECOWAS, daangaa Senegaal irratti qophaawanii eegaa jiran.
Itiyoopiyaa qofaa utuu hin taane sudaan kibbaa, Somalia fi naannoo hara gurguddaaf illee daandii irra deddeeb’uun daldalan ta’uuf karoora kan qabdu ta’uu dura taa’aan buufata doonii fi abbaa taayitaa godinaa walaba ta’ee Abubakar Omar Hadii Reutersf ibsaniiru.
Afrikaan taphachuutti jirti tapha guyyaa sadiitti goolii 10 gale Gaabon,biyyitii Afrikaa gama Jidduu jirtu.Dorgommii AFCON 2017 qopheessite.Dorgommii tana eegii jalabanii amma guyyaa sadeesso keessa jiranii haga ammaatti goolii 10 gale. Hardha Ayvoorii Koostii fi Toogoon 0-0 gargara bahan.DRC fi Morookootti amma taphachuutti jira. No media source currently available Gaabonii fi Giinibisawu 1-1, Burkiinaa Faasoo fi Kaameruun 1-1,Aljeeriyaa fi Zimbaabuween 2-2 gargar bahan.Sengaal Tuniziyaa 2-0 adabde. Dorgommiin tun ta 31essooti biyya 16 tapachuutti jira.Ayvorii Koostiin amma Toogoon 0-0 gargar bahan kun ijoollee kilabii Awurooppaa keessa tapachatan hedduu guurrattee dhfutullee akka eeganitti taphattee hin moone. Ayvori Kosti shaampiyoonaa bara 2015. Baranallee hin mooti jedhanii abdatanii taatullee akka amma jiru kanatti woma hedduutti irraa hafe. Ijoollee Awurooppaa keessa tapathaniif ka akka Serge Aurier, Eric Bailly, Franck Kessie,Wilfried Zaha, Wilfried Bony, Salomon Kalou fa qabdi. No media source currently available Toogoon ammoo tapahtaa isii beekamaa Emmanuel Adebayor durii Arsenal, Manchester City, Tottenham Hotspur fi Crystal Palac fa taphate amma tama ufi jiraatu garuma yaamaniif deemee taphatu waan abdatti. DRC fi Morookoon amma waliin tapachuutti jiran. Taphattootii Koongoo mootummaan horii duraan taphattoota tana badhaasuuf waadaa gale waan hin kenniniif Jimaata dabrellee leenjiillee didanii eegee itti deebihan. Morookoon yoo akkam diqqaate biyya 4n dorgommii walti hafan tahuuf tapatti Coongoo ammoo gareen hamtuun walti marree jetti. DRC nama 23 keessa ijoollee 18 kilabii biyya alaa keessaa yaammatte.
DRC nama 23 keessa ijoollee 18 kilabii biyya alaa keessaa yaammatte. Morookoon ammoo nama tokko malee tapahtoota 22nuu biyya alaatii yaammatte Fayyisaa Leellisaa dorgommii Husten Teksas irratti lammeessoo bahe Atileeti Fayyisaan eegii dorgomiitti deebihee torbaan lamaan dabran dorgomumatti jira.Dorgommii Honoluluu,Hawaahii irratti lammeesoo bahe.Fayyisaan akkuma gaafa Riyoo,Biraail ammallee yo moohee galu cufa mallattoo mormii Oromoo agarsiisa. Ta Husten Teksaas irralleetti lammeesso bahe.Qilleensaa qabbanaahaa keessatti leenjifamee qabbanaahaa keessatti dorgomeef na rakksie malee silaa kana caala moohaa jedhe Fayyisaan. Dorgommi Teksas innii lammeessoo tahe sun dhiiraa fi dhalaallen Keenyaati tokkeessoo tahee moohe.Dorgommiin tun km 23ti. Tokkeessoon Leonard Korii atileeti keenyaati.Teweldee Gebruu atileetiin Itoophiyaa sadeessoo bahe.Fiqaaduu Tsaadiq atileetumaan Itoophiyaa ammoo afreessoo tahe.Demmellaash Indaalee shaneessoo bahe. Dubralleen Keenyaatti tokkeessoo.Atileeti Vernonikaa Nyaaruhaai mooheef. Dheeraa Diidaa lammeessoo.Meerii Waseeraa atileetiin Keenyaatii sadeessoo.
preizidaantiin Sudaan Omar al-Basir yakka waraanaa fi fixiinsa sanyiin himatamanii mana murtii yakka qoratu kan sadarkaa addunyaan barbaadamu.
Parlaamaan inni ol aanuu fi miseensoota 54 qabu afaan yaa’ii ofii guyyoota dhufan keessa filachuuf jira.Prezidaant Hassan Sheikh Mohamud biyyatti marsaa lammtaaf hogganuu fedhu.
Lafti waldatiin qabdu immoo, murtaawaa waan ta’eef wal-muddinsa guddaa tu uumamaa jira
Somaaliyaatti bakka bu’aan Mootummoota Gamtoomanii Maaykil Keetingi garuu, Somaaliyaan lola oggoota 30 fi seera dhabiinsa ittin raafamaa ture irraa damdamachaa jirachuu yaadachiise, hata’au malee ammas rakkinoonni filannoo biyyatiin itti deemtu kana gufuuchisaan bayyee dha, jedha Gabaasa guutuu dhaggeeffadhaa
No media source currently available
Gamtaa Mootummootaa Gumii Eegumsa Naannoo Wal Gahii Isaa Lammaffoo Keeniyaa Naayiroobiitti Taa’aa Jira Wal gahiin kuni haga boruutti ka itti fufu yoo tahu, haga yoonaattis faalamni qillleensa akkaataan inni itti jiruu namaa miidhaa jiru irratti gadi fageenyaan mariyateera. Walgayicharratti ka haasaa fi ibsa godhan Hoogganaan Gumichaa Mr Ashiim Isteeyiner, Addunyaan Keenya guddina agarsiisaa jirtu yoo itti fufuu feete hojii eegumsa naannoof dursa kennuu akka qabdu himaniiru. Dhimma faalamuu qilleensa naannoo irratti xiyyeeffachuun Gamtaa Mootummootaatti Gumiin Eegumsa naannoo walgayii isaa isa lammaffoo isaa Naayiroobiitti gaggeessaa jira. Gaabasii fi bu’aaleen qorannoo walgahii kanarratti dhiyaataa jiran akka agarsiisaa jiranittii, haalli qilleensaa addunyaa fi eegumsi naannoo rakkoo cimaa keessa jiraachuu ibsanii jiran. Sababa kanaatis Afriikaa fi Eeshiyaa keessatti namoonni hedduun hanqina midhaan nyaataaf saaxilamaniiru. Barruun Wal gahii kana irratti dhiyaate akka agarsiisuttii, Keessumaa naannoo magaalotaatti qilleensi akka malee faalamuun waggaatti lubbuu nama miiliyoona 8 oli darbuuf sababa ta’eera. Kanaafis ka’umsi bosonni hedduu gubachuu fi namoonnis bosona garmalee bobeeffachuuf mancaasuun isaaniiti. Roob Dii Jong Gamtaa Mootummootaa Gumii Eegumsa Naannootti Itti gaafatamaa Kutaa Sababoota ka’umsa faalama qilleensaa to’atuudha. Yoo waraqaa qorannoo isaanii dhiyeessanis, waan qorannoon taasifne nutti agarsiisu, eger hojii jabaan akka nu eeggatudhaa jedhu. "Waanti nuti dhugaatti argaa jirruu, baayyee hojjatuu akka qabnu nuuf agarsiisa. Faalamni qilleensaa maaliif dhibbeentaa 10’n dabaluuun itti fufee ?Akka ani jedhutti nuti waan nurraa eegamu gochaa hin jirruudha.
Waa hedduu dubbachuu hin barbaadu, garuu waantin jedhu, biyyoonni hedduun dhimma bosona eeguu irratti sagantaa baayyee gaarii qabu. Ka isaan kana gochuu danda’anis jiraattota qoraan bosona keessaa fayyadamaniif sunsuma qoraan qusattu hiruufiidhaani. Garuu gama haara konkolaataa keessa bahu kan qilleensa faalaa jiru to’achuutiin waanti godhamaa jiru hin jiru. Nuti hamma nuuf dandaa’ametti waan dandeenye yaalaati jirra; kanaaf fakkeenya ka ta’ummoo murtee hawaasni biyyoottan Afriikaa bahaa murteeffataniidha. Waanti isaan godhanis walii galanii, sadarkaa konkolaataa gara biyya isaani seenuu qabu waliin baafatani,akka biyyoottan dhihaa kaan. kana gochuunis waan miidhaman takkaa hin jiru. Garuu gaaffiin kiyya waa’ee waan kanaa biyyoottan Afriikaa kaan maal gochaa jiruu ka jedhuudha , garuu dhugaan lafa jiru nama yaaddessa, gaggeessitoonni kuni homaa gochaa hin jiran." Miseensonni Hawaasa Biyyoottan Afriikaa Bahaa waggaa lamaan dura labsii waliinii haala konkolaataa itti gara biyyasaaniitti galfatan ka labsan yoo tahu, biyyoottan Afriikaa kaanis yoo mala kana fayyadaman qilleensa isaanii faalamuutti jirtu kana fooyyessuullee akka danda’an qorannoon dhiyaate kuniin ni mullisa. Magaalaan Chaayinaa Beejiing ka duraan faalama qilleensaan beekamtu to’annoo teeknooloojii irratti hundaa’e gochuun fooyya’iinsa fiduu ishee, mootummaa Chaayinaa bakka bu’uudhaan ka ibsa godhan Prof. Hii Keebir dubbatanii jiru. Haata’uyyuu malee yeroo yerootti yoo Teeknooloojii haaraan dhufu faalama mataa isaa fiduu waan danda’uuf haalli to’annoo Teeknoojii eger ballachuu akka qabu, Mootummaa United States tti barreessaa itti aanaa hoogganaa biiroo eegumsa naannoo ka ta’an Daani’eel Reeyifseenderi yoosuu himaniiru.
Gaazexaan Ingiliz The Independent akka jedhuttii, magaalonni India faalamaan sadarkaa jalqabaa irratti argamu. Keessumaa Magaala Deelhii keessatti waanti kuni hammaachuun lubbuun nama hedduu akka darbuuf sababa ta’eera. Dhiyeenya kanas bokkaan yeroo dheeraaf waan hin roobiniif jiraattonni biyyattii kuma 300 ol rakkoo bishaan dhugaatiif saaxilamanii jirani. Gaazexaa The Hindu jedhamuuf ka hojjetu gaazexeessaan Hindi Kiriishnaa Kumaar akka jedhuttii, gabaasi nu argaa jirruu fi dhugaan lafa jiru baayyee wal gata; kanaaf qaamoleen imaammata raawwachiisan hojii guddaatu irraa eegama jedha. "Imaammatawwan kana yoo ilaallu gaariidha, garuu hagam hojiirra oolaa jiru waan jedhu yoo ilaallu, adda addummaa guddaa qabani. Kanaaf kuni diqqaachuu qaba. Rakkoon hoongee fi baballina gammoojjii kanaan kan wal qabataniidha. Fakkeenyaaf hindi amma hoongee waggaa 40 keessatti ta’ee hin beeknedha ka ishee mudate , kun waan uumamaan dhufe tahus , hawaasi eegumsa mataa isaa gochuu dhabuun balaan kuni akka ittuu itti caalu taasisee jira. Kanaaf warri imaammata raawwachiisan kana irratti hojjetuu qabun," jedha. Gamtaa Mootummootaatti Gumii Eegumsa naannoo Ka hoogganan Ashiim Isteeyiner Afriikaani fi Eeshiyaan sababa eegumsi naannoof taasifamu waan hirrataaa dhufeef hoongee fi hanqina midhaan nyataatiif saaxilamaa jiru, haalli eegumsa naannooo fooyya’uu baannaan egeris rakkoon isaanii itti fufuu akka danda’u dubbatanii jiru. Mr. Isteeyiner caalaa waa’ee haala geejjiba Afriikaa irratti xiyyeeffatanii dubbatu. "Haalli sochii geejjiba Afriikaa irra caalaan ka gamtaadhaan uummataaf tajaajilaan kennamuudha. Garuu akka diinagdeen Afriikaa fooyya’aa dhufeen, namoonni kaanis konkolaataa mataa isaaniitiin socho’uu jalqabanii jirani. Waanti kuni xiqqoo gara dhimma dubbii siyaasaatti dhaqa malee, biyyootan kuni waa’ee geejjiba uummataa irratti imaammata qabaachuu qabu.
Waanti kuni xiqqoo gara dhimma dubbii siyaasaatti dhaqa malee, biyyootan kuni waa’ee geejjiba uummataa irratti imaammata qabaachuu qabu. Fakkeenyaaf gaggeessitoonni Afriikaa naannawa magaalotaatti konkolaataa Elektirikaan socho’u qofaa akka fayyadaman waanti isaan dhorku hin jiru, Teeknooloojiin kuni gatiin isaa qaalii osoo hin taane gatii salphaan ka argachuu dandaa’aniidha. Kuni egaa walii galaan rakkoo diinagdee miti, dadhabina filannoo jijjiirrachuu fi imaammata qabatamaa dhabuuti." Kaleessas wal gahiin kuni waa’ee adamoo seeraan alaa irratti ka maraiyate yoo tahu, gaggeessitoonni Afriikaa fi Eeshiyaa waliin ta’anii namoota yakka kana dalagaa jiran adabuu akka qaban dabarsee jira. No media source currently available
Poolisiin Keeniyaa Shira Haleellaa Keemikaalaa Antiraaksii Fashaleesse Jedhe Poolisiin Keenyaa barattoota ogeessa fayyaa Mohammed Abdi Ali fi haadha warraa ishee akkasumas hiriyaa ishee caasaas shororkee kan gaanfa Afriikaa keessatti hirmaatan jedhamuu isaaniif ta’annaa jala oolchee jira. Kanneen kana keessaa harka qabu jedhamaniif barattoota oguma fayyaa lama hin qabamin jiru. George Musamali xiinxalaa dhimma nageenyaa kan gaanfa Afriikaa fi Afriikaa waaltaa ti. Gama sochii keenya kan odeeffannoo walitti qabuun fuula duratti tarkaanfanne jedheen amana. Sababiin isaas kun basaasa keenya Keeniyaa keessaa ilaalchisee injifannoo guddaa dha. Kunis tajaajila tika nagaa biyyoolessaa, poolisii Keeniyaa fi miseensota tika nagaa waraana keessaa of keessaa qaba. Kunis kan mul’isu yeroo ammaa kutaaleen basaasaa qindoominaan waliin hojjetaa jiraachuu isaanii ti jedhan. Poolisiin akka jedhetti shirri saaxilame kun haleellaa keemikaala "Antrax" jedhamu kan daarqia baakteeriaa battala qaama namaa seennaan wal ga’uu danda’uu of keessaa qaba. Haleellaan kun raawwatamuuf kan karoorfame Ebla 29 ennaa ta’u akkuma galma gabaa Westtgate irratti haleellaa bara 2013 raawwatee namoota 67 galaafate Sanaa ammas namoota hedduu ajjeesuuf tura. Haleellaan sun raawwatamuuf kan ture garee hidhata al-Qaida Somalia keessa jiru al-Shabaiin ta’uun beekamee jira. Poolisiin maqaa shakkamtoota maraa Twitter irratti maxxansee jira. Gareen namoota kanaa barattoota Yunivarsitii fi dargaggoota keenyaa cicitoota akka ta’an akkasumas gareelee shororkaa Liibiyaa fi Siiriyaa keessa jirutti akka makaman jajjabeessaa turan. Gareen IS namoota kana waliin hidhata qabaachuu mala kan jedhus yaaddoo uumee jira jedhu Musamali-n. Gareen IS gaanfa Afriikaa fi Afriikaa waaltaa keessatti waan ta’utti hirmaachuuf fedhii qabaachuun ifaa dha. Kun immoo dhimma nu akkaan nu yaaddessu ta’uu qaba jedhan.
Kun immoo dhimma nu akkaan nu yaaddessu ta’uu qaba jedhan. Akeekkachiisa kenname keessaa shakkamtoota hin qabamen jiran lama hidhannoo kan qabaniif sodaachisoo akka ta’an ibsamee poolisiin keeniyaas shakkamtoonni kun akka qabamaniif nama odeeffannoo kenneef shilingii Keeniyaa miliyoona lama ykn doolaara $20.00 kan ta’u kennuuf waadaa seenee jira. No media source currently available
Tokko tahuun isaanii biyya hiyyeettii waraanii dhukkeesse tanaa abdii guddoo taha.
As Afrikaa Bahaa keessatti garuu, heddummina roobaa fida jedhan.
Hokkarri Burundii Keessatti Belbele Ittuma Fufe Rakkoon Burundii keessaa amma illee itti fufee jira. Sanbata dabre halkan, ka magaalaa Bujumbura agama Kibbaattatti argamu – naannoo Kaaniiyooshaa jedhamutti, hidhattoonni mana-bunaa keessatti namoota sagal ajjeesan. Namoonni ijaan argan akka jedhanitti – hidhattoonni sun, namoota mana-bunaa sanaa ala taa’anii dhugan eega akka ol galan dirqsiisanii booda, namoota manicha keessa jaran mara irratti raasaasa roobsan. Kanneen haleelaman keessaa toorba achumatti dhuman, lama immoo achi irraa baqatanii eega hospitaala galfamanii booda du’an. Gaafa Dilbataa ganama, Poolisoonni, meeshaalee waraanaa dhuksaan qabatamee jiru barbaacha, gandeen mormitootni itti heddummaatan keessa, manaatti deddemanii sakatta’uu jalqabuu isaanii dursee tu ka Sanbata halkan ajjeechaan kun raaw’atame. Mootummaan akka namoonni meeshaalee waraanaa seeraa-ala qabatanii jiran haga Sanbata halkan walakkaatti galchanii fi yoo didan immoo akka tarkaanfiin cimaan poolisootaan fudhatamu akeekkachiisee yeroon kenne xumuramuutti ennaa dhihaatetti, torban dabre keessa namoota hedduu tu naannoolee sana gad-lakkisee dheesse. Torban dabre keessa, Prezidaantiin Mana-maree seera-tumtootaa Burunii – Reverien Ndi-kuriyoo, yoo mormitoonni yeroo kennameef kabajoo dhaa baatan, “ni barbadeessina” jecha jedhutti gargaaraman. Garee Mirga Dhala-namaa “Hman Rights Watch”tti, Qorattuun gameettiin dhimma Burundii – Karina Tertsaakiyaan, “Haasawa baay’ee nama rifachiisu. Waan shakkii qabu miti. Guyyoota xiqqoo booda, haasawwan Prezidaantii biyyattii fi ministara naga-eegumsa uummataatiin dhaga’amanis akkasuma kanneen nama sodaachisan turan. Hoogganaa naga-eegumsaa sana kan poolisoota to’atan. Kanaaf haala amma arginu wajjiin wal-simata” jedhan. Dubbi-himaan Ministrii Dhimma-alaa Yunaayitid Isteets – Joon Kirby, Sanbata dabred kana, haala Burundii, keessumaa jechoota ibidda belbelsan afaan aangawoota mootummaa tii ba’utti ka yaaddoo qaban ta’uu dubbatanii turan.
Dubbi-himaan Ministrii Dhimma-alaa Yunaayitid Isteets – Joon Kirby, Sanbata dabred kana, haala Burundii, keessumaa jechoota ibidda belbelsan afaan aangawoota mootummaa tii ba’utti ka yaaddoo qaban ta’uu dubbatanii turan. Baatii Eblaa dabree, ennaa Prezidaantiin biyyattii - Pierre Nikurinziuiza akka filannoo marsaa sadaffaaf dorgoman beeksisan jalqabe. No media source currently available
Yuuniversitii Indiyaanaatti hayyuun seenaa Afriikaa Meliisaa Mooraan gaaffii fi deebii VOA waliin geggessaniin qabsaa'onni siyaasaa kun kitaabota waa'ee dimokraasii fi abbaa irrummaa ibsu dubbisuu isaaniif hidhamuu hin qaban jedhaniiru.
Haati Somaaliyaa tokko “daa’ima garaa koo jiru waliin du’uuf qophaa’een ture” jette Baatii hagaya keessa dubartiin lammii Somaaliyaa tokko yabala koolu galtootaa irraa erga baraaramtee booda doonii Jarmanii irratti ilmoo deesse akka jettetti garba Mediteraaniyaan qaxxaamuruuf yabala sana ennaan yaabetti mucaa garaa koo keessaa waliin du’uuf qophaa’een ture jetti. Rahaaamaa Abukar alii jedhamti. Ga’eettii umuriin waggaa 33 ennaa taatu odu gabaasaa VOAf Jarmanii keessaaf akka ibsitetti waa’ee haala suukaneessaaf rakkoo wal xaxaa yeroo ulfa taatee fi doonii Jarmanii irratte innaa miixuu keessa turte ishee mudate dubbatte. Imalli sun akkaan sodaacisaa ture jechuu dhaan intala ishee Soofiyaa Liibiyaa keessatti da’uu hin feene. Na joonjessa ture. Baatilee shaniif waan imala irra tureef jecha dadhabeen ture. Libiyaa keessatti illmoo da’uu hin dandeenye. Kanaaf mucaa garaa koo keessaa waliin du’uuf qopheen ture jette. Haalli Liibiyaa keessaa isa kan imala galaana irraa caalaa hamaa dha jechuu dhaan haala suukaneessaa tokko akkasiin yaadatti. Dubartiin ulfaa tokko akkuma andaara galaana Libiyaatti yabala koraa turteen erga mucaa deessee booda duute. Daa’immi isees battala lubbuun darbe. Dubartii ulfi ka biroon illee ishuma waliin imala wal fakkaatu geggeessuu dhaan Awrooppaa seenuu dandeesse jette. Rahamaan koolu galtoota435 waliin galaana Mediteraaniyaan keessaa baraaramtee booda doonii Jarmanii irratti miixuun ishee qabe. Mucaa ishee durbaas Soofiyaa jechuun moggaafte. Gamtaan Awrooppaa gurmuu Mediterraaniyaan sana Soofiyaa jechuun moggaase. Grumuun sun yabaloowwan namoota seeraan ala deddeebisan jedhamuun shakkaman qabuu irratti bobba’ee jira. Rahaamaa Alii akka jettutti gurmuun sun maqaa mucaa isheetti moggaafamuu isheetti gammaddee jirti. Mucaan koo carra qabeetti dha.
Mucaan koo carra qabeetti dha. Gamtaan Awrooppaas iyyata kook an dahata siyaasaa simatee Soofiyaa dhaaf lammummaa kenna jedheen abdadha. Rahamaan imala baatilee shanii Somaaliyaa dhaa gara Xaaliyaaniitti geessu jalqabde. Ijoolleen ishee torbaa fi abbaan ijoollee ishee Somaaliyaa keessatti hafan. Walitti bu’iinsi yeroo dheeraaf turee fi haalli jireenyaa rakkisaa ta’e ijoollee koof abbaa warraa koo dhiisee jireenya wayyuuf akkan baqadhu na dirqisiise jette. Rahamaa alii namoonni keeddumaa dubartoonni ulfaa imala sodaachisaatti akka hin deemne akeekkachiisti. Koolu galtummaan seeraan alaa hamaa dha. Lammiiwwan Somaaliyaa hedduu fi koolu galtoonni kanneen biroon dararaa namotai seeraan ala deddeebisan kan Liibiyaa keessaaf saaxilamu. Jireenyaa fi du’a gidduutti nama dhiisa. Keessumaa dubartii ulfaaf. Imala sana irratti du’uu danda’u jette. Gamtaan Awrooppaa lakkoobsi koolu galtootaa akkaan heddummaataa adeemuu isaan rakkataa jira. Koolu galtoota Afriikaa bakkaa bakkatti akka hin sossoonee fi jireenya isaanii balaa irra akka hin buusne dhaabsisuuf mallattoon tokko illee hin jiru.
Walii galteen nageenyaa mallatteessamus lolli hin dhaabanne jedhu mormitoonni Sudaan Kibbaa. Mootummaan immoo ripxe loltooni namoota ukkaamsanii butu jechuun himate Hoogganaan garee mormituu Sudaan kibbaa Dr. Riyaak Machaar Finfinneetti kaleessa kan argamu mana jireenyaa isaanii irraa ibsi isaan kennan New Yoork fi Washington irraa erga deebi’anii ka jalqabaa ti. Baatii Hagayyaa keessa kan mallatteessine walii galteenyaan nageenyaa hojii irraoolaa hin jiru rakkoon isa mudate jedhu Machaar. Kana ilaalchisuu dhaan New Yoork keessatti kan geggeessamee fi wal ga’ii muummicha barreessaa tokkummaa mootummootaa Ban Ki Moon-n qophaa’e irratti ibsa kennuu isaanii illee ibsaniiru. Dhimmi inni ijoon immoo lola dhaabinsi hojii irra ooluu dhabuu isaa ti. Akka isaan jedhanitti kutaa Ikwaatooriyaa keessatti guyyaa tokkoof illee lollil dhaabatee hin beeku. Lola dhaabinsi sun kan hin kabajamne walii galteen nageenyaa mallatteeffamee lola dhaabinsi dhaabbataan erga beeksisamee qabee ti. Yabaloowwan waraanaa Nile irra turan ni yaadattu. Yabaloowwan waraanaa kun akka socho’an kan taasisame yeroo walii galteeffametti. Salva kiir naannolee ofii hin to’annetti waraana itti dabalaa akka hin ergine haa taasisamu jechuu dhaan sagalee keenya ol kaasinee dhageesisne. Eenyu illee nu hin dhaggeeffanne. Waraanni itti fufe. Erga Sanaa qabee Ikwaatooriyaa keessatti itti fufee jira. Gama biraan immmoo Waraanni Sudan kibbaa akka jedhutti angawaan SPLA James Kabila konyaa Maridi baatilee lamaan darban keessa namoota ukkaamsanii butaa turan jechuun himatan. Waraanni biyyattiis bakka gareeleen hidhatan kana bira ga’uu dhaan guyyoota afur dura namoota shantama baraaree jira jedhan. Namoonni kun jedhan Jumaan uukkaamsamanii kan butaman mana jireenya isaanii keessaa ti. Kaan isaanii poolisoota ennaa ta’an kaan immoo hidhamtoota waardiyaalee mana hidhaa ti.
Kaan isaanii poolisoota ennaa ta’an kaan immoo hidhamtoota waardiyaalee mana hidhaa ti. Kanneen kunis to’annaa ripxe loltootaa kanneen naannoo Maridi jala turan. Kanneen siivilota ta’anis maatii isaaniitti makamaniiru jedhan. Juman namooni siyaasaa kanneen aannoo walii galtee nageenyaa baatii Hagaya keessa prezidaant Salva Kiir fi hoogganaa garee mormituu Riyaak Machar waliin mallatteeffame akka kabajan waamicha dabarsuu dhaan haalli Iqwaatooriyaa gama dhiyaa keessaa hamaa ta’uu akeekkachiisan. Guyyaa guyyaatti yabaloowwan waraanaa gara naannoo Sanaa dhufan yeroo ja’a deddeebi’uu dhaan waraana keenya Ikwaatooriyaa kaabaa fi gama dhiyaatti argamu haleelu jedhan. Walii galteen nageenyaa sun mallatteeffamee guyyootii 45 keessatti Sudaan kibbaa dhiisanii ba’uun kan irra ture loltoonni Ugaandaa amma iyyuu achuma jiru. Kanaaf Riyaak Machaar kun gufuu nageenyaa ka biroo ta’uu dubbatu.
Muummicha-Ministaraa Haile-mariam waliin marii ifaa fi dhugaa geggeessuu isaanii ka dubbatan – Prezidaantichi Yunaayitid Isteets “gaazzexeessotaa fi sagalee mormitootaaf daran waltajjii banuun – ajandaa paarticha mootummaa
No media source currently available
Ofii Balaa Galaana Irraa Hafuuf Carroome. Firri Isaa Garu Ni Ajjefame-Kutaa 2ffaa Baatii Ebla bara 2015 keessa Donii godaantoota 400 ol feetee galaana Meedtraaniyaan keessatti liqimfamtee keessaa lubbuun hafuuf kanneen carroman nama 4 qofa kan jedhu dargaggeessi Oromoo maqaan isaa soda nageenyaaf jecha ifatti akka hin ibsame gaafate tokko lammiwwan Itiyoophiyaa 30 kanneen dhiyeenya kana gareen hidhatoota ISIS ajjesee keessaa tokko ilma adaadaa isaa kaan immoo Hiriyyaa isaa ta’u Raadiyoo Sagalee Amerikaaf ibsee jira. Firri jalaa ajjefame kan inni obboleessa waliin guddanne ittiin jedhu Awwaqee Gammachuu Hiriyyaan isaa immoo Mangistuu Gaashee kan jedhaman ta’uu ibsee jira. Obboleessi isaa baatii 3 dura sudaan irraa ka’ee Beengaazii, Libiyaa yeroo dhaqqabeetti bilbilaan waliin dubbatanii akka turan kan dubbatu baqataan oromoo balaa irraa hafuuf carroome kun na bira Tripoolii dhufuuf imaltuu jalqabauu isaanii natti himanii turan jedha. Kana giddutti ture sagalee isaanii kan dhabe. Baatii 3 booda garuu lammiwwan Itiyoophiyaa 3 fi kan Eertraa lama kanneen garee ISIS harkaa miliqanii ba’an Tripolii keessatti argee Awwaqee fi Mangituun harka jara ISIS akka jiran itti himanii lakkoobsa bilbila waardiyyaa mooraa jarreen keessatti hidhamanii kennaniif. Bilbilee obboleessa koo gadhisaa waan barbaachisu mara nana godha akka jedhuuf gorsan. Akka gorfameetti bilbilee maqaa namoota barbaadu lameenii yeroo itti himuu namanii akkas jedhamu hin jiru, bilbila kana eessaa argatte? Ofii kee eessa jirta? Eenyuu jedhamta ? jechuun gaaffii waan itti heddumeesaniif soda nageenya ofii jecha yaalii godhu dhaabuu isaa dubbata baqataan kun. Sana booda Abdii kutatee baatii keessa jirru Ebla walakaatti galaana irraa imaltuu gara xaaliyaaniitti qajeelee donii liqimfamte keessaa lubbuun hafuuf eega carroomee booda xaaliyaanii seene.
Sana booda Abdii kutatee baatii keessa jirru Ebla walakaatti galaana irraa imaltuu gara xaaliyaaniitti qajeelee donii liqimfamte keessaa lubbuun hafuuf eega carroomee booda xaaliyaanii seene. Achittis mana komputaraa seenee ituu waa ilaallaa jiru oduu lammiwwan Itiyoophiyaa ISIS harkatti ajjefamuu arge suuraa obboleessa isaa fi hiriyyaa isaa vidiyoo irraa adda baafachuu dubbata. Of wallaaleen kufe jedha. No media source currently available
Aster Gannoo,Dubartii Oromoo Ganna Dhibbaan Duratti Afaan Oromoo Guddisuuf Hujii Jalqabde Akkuma aadaattuu ilmee dubraa waan hedduun faarsan. “Jabeenna dhiiraa wa lama gaafatan:Hadhaa jabdu moo niiti jabduu qaba?” “Dhiirsa jabaa duuba niitii jabduutti jira.” “Guchii gugurraalee tana guchii bobooratti dhale,boboorran yaatee barbaaddu laafaa yaayyaatti(dubartii) dhale fa,”jedhaii jabeenna dubartii faarsan. Aster Gannoo nama bara jabaa keessatti afaan Oromoo barreessuu fi barsiisuu jalqabe. Akka Dr.Ezqi’eel Gabbisaa,kutaa Michigenitti porofeeserii seenaa yuniversitii Katteringii jedhetti,Aster Gannoo jaarraa 19 keessaa Xaliyanaa ykn Arabaatiin qabamtee bitamee gurguramte. “Seenaa Oromoo keessatti,keessumaa karaa afaaniitii fi karaa barnootaa irratti gumaacha kana godhan dubartii baayyee guddoodha.Fakkii guddaa kan tahan dubartiidhaaf.” Kitaabii maqaa Aster Gannoo Salbaanaatiin barreeffamee hin maxxanfamin hedduu akka jecha Dr.Ezqi’eelitti ka maqaan isii irra jiru ammoo ka barreefamee bahe lama. 1.Jalqaba Barsiisaa: “Iddoo Immikkullu jedhamu iddoo Galab jedhamu mana barumsaa warri Siwiidin qopheesse—Oromoon garbummaa irraa bilisa ykn walaba bahanii iddoo san jiran walti qabani barreesaan.” 2. Bible stories: Kitaaba Qulqulloo Onesmos Nasiib waliin afaan Oromootti hiikan. Hujii kitaaba Qulqullo Afaan Oromootti hiikuu kana haga guddaan Aster Gannootti Onesmoos gargaare. Dhalootii Aster Gannoo bara 1870 keessa jedhan,kitaabii Aster faan bara 1890 keessaa Afaan Oromooti hiikamee bahe. Barii dhaloota Aster Gannoo akka Dr.Ezqi’eelitti,jabana Atsee Yohyaannis biyya bulchaa bahe,bara sun Eertiraa Xaliyaanatti bulcha. Akka jecha Dr.Ezqi’eelitti bara Minilik faan biyya bulchan sun dhiraa fi dubralleen hedduutti gurgurame.
Akka jecha Dr.Ezqi’eelitti bara Minilik faan biyya bulchan sun dhiraa fi dubralleen hedduutti gurgurame. “Garba tahanii buluu duwwaa adoo hin tahanii ..yeroo cimaa keessatti og-barruu Oromootii fi ufi-baruu Oromoo barreessan jari kun.” Jalqaba Barsiisaa,kitaabii Aster Gannoo faan bara garbummaa jala jiran barreessan fuula 174 qabu kana keessatti waaan hedduutti barreeffame: .Weedduu Tissituu No media source currently available
No media source currently available
Akka ibsa isaaniitti lafti mootummaa seeraa ala akka qaberenyaa dhuunfaatti namootaan qabatamee jiru tilmaamaan qarshii miliyoona dhibba lamaa fi miliyoona sadii, kuma dhibba shanii fi kuma afurtamii sagalii fi dhibba tokkoo fi afrautamii afuri jedhu angawoonni.
Poolisiin Itiyoopiyaa gaazexeessota Sagal shorokaa ooftan jechuun Hidhe No media source currently available
Manii Murtii Suudan Kibbaa Waan Itti gaafatamtoota Paartii,SPLM, ka Dubbiin Isaan Irraa Kaate Biyya Wal’aasifte Jedhan Caqase WASHINGTON,DC — Suudan Kibbaa biyya diqqoo bara 2011 Suudan irraa cittee addunyaatti dabalamtee rakkoo siyaasaa isii addunyaatti faluufiitti jira Dubbiin bulchootii Suudan Kibbaa irratti wal dhabanii,waraanii lamatti bahee amma irratti wal hadhuutti jiran waan hedduu irraa dhufte. Jara kana keessaa nama afuritti wabiin bahee amma nama afur himachuutti jiran.Wal dhaba kana Suudan Kibbaa tana irratti nama kuma hedduutti dhumatee kuma dhibba hedduutti baqatee biyyaa bahe. Itti gaafatamtootii SPLM ta durii gugurdoon tun,Pagan Amum,Majak Agot,Oya’i Deng fi Ezeki’el Gatku’oth fa Muddee dabarte keessa mootummaa gara galchuuf hojajtan. Abbaan alangaa addaa James Mayen, jara kana himate akka abbootin seeraa haga warrii 7n mootummaa gara galachuuf jedhanii jara kana waliin himatanii wabiin gadi dhiifaman deebihutti akka murtiin turtu gaafate. Abbaan seeraa James Alala ammoo tana irraa hin fudhanne,dubbii isaanii laalee naqaashi isaan irratti dhiyaassanillee ya caqase.Naqaashiin kara kana irratti dhiyaatte akka warrii kun waraana jalqabde dubbate Dubbiin bulchoota Suudan Kibbaa irraa kaate nama hedduu balaa irraa buufte.Rakkoo Suudan Kibbaa tana Finfinneetti fala itti barbaaduutti jiran.Amerikaa fi biyyitii hedduulleen akkanuma rakkoo isii faltiif. Suudan Kibbaa,biyyitii Afirkaa haarahii tun bara 2011 keessa Suudan irraa cittee baatee biyya ufi dandeette taatee jirachuutti jirti.Ummatii isi akka lakkoofsa bara 212 keessa baheetti miliyona 10 fi kuma 84ti. Perzdaantiin isii Salva Kiir Mayardit ,teessoon mootummaa isii Juubaa,afaan isii Ingiliizi,maallaqii isii ammoo ' Pound.'
Perzdaantiin isii Salva Kiir Mayardit ,teessoon mootummaa isii Juubaa,afaan isii Ingiliizi,maallaqii isii ammoo ' Pound.'
No media source currently available
Zuumaa No media source currently available
Muummichi Ministeeraa itiyoopiyaa Mormitoota akeekkachiisan No media source currently available
Duulli Talaalii Pooliyoo kun Mallattoon Dhukkubichaa Mumul’achuu Irraa Toosisame No media source currently available
Dhukkuboota Uummata Afrikaa Miidhan No media source currently available
Itiyoopiyaan du’a daa’immanii harka sadii keessaa lamaan gad xiqqeessite No media source currently available
Lakkoobsi nama itti fayyadamuu hagas hedduu waan hin ta’iniif.
Prezidaantii haaraan kan Somaaliyaa Itiyoophiyaa daw’atan No media source currently available
boqonnaa irra jiru jedhan Obbo BereketObbo Meles dhukkubsachuun isaanii sirriitti kan mirkanaa’e Adoolessa 2-6tti Finfinneetti kan geggeessame gumii 19ffaa kan hoogganoota Afrikaa irratti ture.
Gabaasaa Guutuu MP3 tuquun dhaggefadhaa
Gabaasaa Guutuu MP3 tuquun Dhaggefadhaa
Falmiin Waa'ee Boba'aa Sudan Waraanni Ka'uu mala Yaaddoo Jedhu Dhaqqabsiise Presidentiin Sudan Omar al Bashir torban darbe ibsa Televiiziyoona biyya isaaniin kennaniin walii galtee boba’aa ilaalchisee fooya’inni yoo argame malee biyyi kibba isaanii sudan waliin nageenya caalaa gara waraanaatti dhiyaataa jirti jedhan. Yaadi isaanii kun kan dhaga’ame kan yaada wal fakkaatu dhiyeessanii fi yoo Sudan fedhii gama kibbaa hin guuttu ta’e walitti bu’iinsi ka’uu mala ka jedhan yaada presidentii Sudan gama kibbaa kan Salva Kiir-tti aansuun ture. Walitti bu’iinsi kun kan madde Sudan gama kibbaa boba’aa ishee gara alaatti erguuf ujummoo Sudanitti fayyadamuu ishee irraan kan aka’e. Gammi kibbaa baaatii darbe erga gammi kaabaa qabeenyaa boba’aa sudan gama kibbaa miliyoona 815 saamte jechuun himattee booda keellaa boba’aa ishee cufte. Kaartuum immoo boba’aa sana kan qabatte gatii geejjibaa hin baafamin jiru bakka buusuufi jetti. Carrraa walitti bu’iinsi kun tarii gara waraanaatti geessuu malu ilaalchisee itti aanaan ministeera ittisaa Sudan gama kibbaa Majak D’Agoot VOAf ibsa kennaniin kibbi Sudan duruu haleellaa ishee duraa labsite jedhan.D'Agoot akka jedhanitti kun hookkara miti? Biyyi walaba taate tokko attamiin qabeenyaa ishee biyya ka biroo waliin ooddatti? Eessatti ta’ee beeka kun? Kun humni alaa ykn koleneeffataan duraanii uummata Sudan fi qabeenyaa isaa to’achuu itti fufuuf yaaluu isaa ti. Kaartuum Sudan gama kibbaa ittii adda ba’uu isheettin kan dhabde qabeenyaa doolaara biliyoona torbatti tilmaamamu kan gammi kibbaa oomisha boba’aa sadii irraa harka afur fudhatte bakka buufachuu barbaaddi. Falmii waa’ee boba’aatti dabaluu dhaan biyyootiin lameen daangaa sararuu irrattis walii galtee xumuraa irra hin geenye.
Falmii waa’ee boba’aatti dabaluu dhaan biyyootiin lameen daangaa sararuu irrattis walii galtee xumuraa irra hin geenye.
Jaarmayaan Waa’ee Koolu-galtootaa, ka Tokkummaa Mootummootaa akka jedhutti baatii dabre jechuun Amajjii keessaa, baqattoota Somaalee kuma toobaa fi dhibba shan tahan tu mooraalee Itiyoophiyaafi Keeniyaa keessaa gad-lakkisee gara biyya isaaniitti deebi’e.
Guutummaa gabaasaa kanaa dhaggeeffadhaa
Gabaasaa Guutuu MP3 xuquun dhaggefadhaa.
Itti fufuudhaaniis qiyyaafanni isaanii gara caalaan duula shoroorkessoota irratti gaggeefamu waan ta'eef jecha waa'een Dimokraasii ajandaa isaanii ka duraa ta'u hin dandeenye jedhan MP3 tuquun dhaggefadhaa
Rakkoo siyaasaa baatilee 4 lakkofsise furuuf mariin gaggeeffame waan hin milkoofneef jecha, wal waraansi itti fufe.Mr Baagboon aangoo akka gadhisaniif dhiibbaan addunyaa itti hammaataa jira.Gabaasa guutuu MP3 tuquun dhaggeefadha.
Gama keenyaan humna ibsaa ittiin maddisiisna.Itiyoopiyaan yeroo ammaa humna ibsa mega watt 2000 maddisiisuu kan dandeessu si’a ta’u waggoota shanan itti aanan keessa kuma kudhaniin ga’uuf karoorfamee jira
MP3 tuquun gabaasa guutuu dhaggefadhaa
Baar Gamatti Guddifachaan Iijoollee Kennu Hanqisuuf Qajeelfamni Ba’eera Itiyoophiyaan ijoollee guddifachaan gara biyya alaatti erguu waliin wal qabatee shiira hojjatamu ittisuuf, hojii kana harka 90n hanqisuu ishee beeksiiftee jirti. Ministriin waa’ee dubartootaa ijoollee fi dargaggotaa kan Itiyoophiyaa akka jedhutti Bitooteessa 10 bara 2011 jalqabee yoo baayyatee guyyaatti ijoollee shan qofa dhimma isaanii ilaala. Yeroo ammaa garuu, guyyaatti ijoollee 50f dhimma kana rawwachisaa jiru. Kanneen keessaa walakaan gara Yunaaytiid steetes geessamu. Ministrii kanaaf dubbi himaa kan ta’an Abiy Efreem akka jedhantti deemsa ijoollee guddifachaan kennuu keessatti shiira haala babal’ateen gaggeefamuutu jira jechuun himannaan waan dhiyaateef tarkaanfiin akkasii fudhatame. Qorannaan gaggeefame akka agarsisuutti warri ijoollee isaanii dabarsanii akka kennan gochuuf humnaan gargaaramun akka jiru ragaaleen agarsisan hangi tokko jiru.Sana booda ijoollee kana guddifachaan kennuuf galmelee sobaa kan biyyoota alaa irraa maallaqa guddaa argamsisan qophessu. Abbaan warraa fi haatii warraa lammi Amerikaa ta’an mucaa Itiyoophiyaa tokko guddifachaan fudhachuuf doolaara kuma 20 baasu.Embaasii Amerikaa Finfinnee jiruuf itti gaafatamtuu kutaa qonsilaa kan ta’an Abigail Rupp akka jedhantti haala hamaa uumame kan mootummaan yaaddoo irraa qabu nutis ni hubanna.Garuu, ijoolleen guddifachaan kennamuuf jiran dhimmi isaanii xumura argachuuf yeroo dheeraa akka eegan taasifamunis nu yaddessee jira jedhan.Ms Rupp akka jedhantti aangawonni mootummaa Itiyoophiyaa jaarmayoota hojii guddifachaa gaggeessan kanneen 45 ta’an cufuuf jiru. Waajiira UNICEF Finfinnee jiruuf hogganaa kan ta’an Ted Chiban hojii seeraan alaa hojjatamu faana dhahuuf seerri haaraan ba’e kun tarkaanfii barbaachisaa dha.Kana malees ijoollee warra hin qabne jechuun kan mootummaan tilmaamuu miliyoona 5f naannoo naannoo isaaniiti furmaata barbaaduuf gargaara jedhan.
Waajiira UNICEF Finfinnee jiruuf hogganaa kan ta’an Ted Chiban hojii seeraan alaa hojjatamu faana dhahuuf seerri haaraan ba’e kun tarkaanfii barbaachisaa dha.Kana malees ijoollee warra hin qabne jechuun kan mootummaan tilmaamuu miliyoona 5f naannoo naannoo isaaniiti furmaata barbaaduuf gargaara jedhan. Gabaasaa Guutuu MP3 tuquun dhaggefadhaa
Gabaasa Guutuu MP3 tuquun dhaggeeffadhaa.
Gaaffii Gargaarsa Hatattamaa Kan Itiyoopiyaa Itiyoophiyaa keessatti waggaa kana keessa uummanni gargaarsa nyaata kan hatattamaa barbaadu miliyoona 2.8 kan ta’u mootummaan tilmaamee jra. Lakkofsii namoota hanqiina nyaataan rakkatanii kan bara darbee miliyoona 5.2 ture, barana gara miliyoona 2.8tti gad cabuun oduu gammachisaa dha. Ministerri qonnaa kan Itiyoophiyaa Mitikuu Kaasaa fooyya’iinsa argame kanaaf, waan lama galateffatan.Kunis haallii qillensaa gaarii ta’uu isaa fi gargaarsi argamuu. Garuu, Itiyoophiyaatti qindeessaan gargaarsa dhala namaa kan Tokkumaa mootummootaa Eugene Owusu akka jedhantti, lakkofsi miliyoona 2.8 jedhu kun seenaa jiru keessaa hanga tokko qofa ibsa.Kanneen biroon kuma 900 fi kuma dhibba 56 ta’an immo nyaata dabalataa eeggatu. Ijoolleen kuma 100 fi kumii torba hanqiina nyaataa hamaa keessa waan jiraniif wal’ansa itti fufiinsa qabu argachuu qabu jedhan.Uummanni miliyoona 3.3 immoo jedhau Mr.Owusuun, nyaata wal qixxaataa fi vaaytaamiin A argachu qabu yoo ta’e ilaalmuu qabu. Owusuun akka jedhantti, lammiwwan Itiyoophiyaa miliyoona hedduun dhukkuba Busaa, Gifiira akkasumas Haqqisaa fi garaa baasaa arifachisaan kan iddoo biraatti koleeraa jedhamee waamamuuf saxiilamoo dha. Gabaasnii mootummaa Itiyophiyaa akka agarsisuuti, hanqina nyaataa mudate jedhame kun harki 40ni, bulchiinsa naannoo somaalee keessatti ta'uu ibsee jira.Garuu naannoo kana keessa kan jiraatu, uummata Itiyoophiyaa keessaa harka 6 gadi.waraanni mootummaa Itiyoophiyaa naannoo kana keessatti, waraana Adda Bilisummaa Biyyoleessa Ogaadeen waliin wal waraanaa jira. Gareen kun dhaamsa e-meeliin ergeen, mootummaan naannoo sana keessatti duguugamiinsa sanyii gaggeessaa, gargaarsa nyaataa gamasitti ergamu ittisa jechuun himata.
Gareen kun dhaamsa e-meeliin ergeen, mootummaan naannoo sana keessatti duguugamiinsa sanyii gaggeessaa, gargaarsa nyaataa gamasitti ergamu ittisa jechuun himata. Mootummaan Itiyophiyaa garuu himata kana haaluu dhaan, sochiin riphxee looltootaa kun du’aa jira jedha.Garu gareen gargaarsa arjooman kannen raabsa gargaarsaa ilaaluu fedhan, gamas akka hin sennee ittisee jira. Ministeerri qonnaa kan Itiyoophiyaa Mitikkuu kaasaa akka jedhantti, bulchiinsa naannoo somaalee keessatti, aanaalee jiran keessaa kan seenuuf ehama aangawootaa barbaachisuu aanaa 9 qofa. Qindeessaan waa’ee gargaarsaa kan Tokkummaa Mootummotaa Owusuun Finfinnee irraa akka ibsantti garuu, aanaalee nagaa qaban keessa seenanii hojjachuuf gaaffii hojjatonni gargaarsaa dhiyessan aangawonni ni didu. Itiyoophiyaatti sagantaa misooma sadarkaa adunyaa kan mootummaa Briteeniif hogganaa kan ta’an Howard Taylor gargaarsi nyaataa kennamuu kallattiin kanneen ergameef dhaqqabu isaa ilaalchisee, jaarmayonni gargaarsaa sodaa qabu jedhu. Gabaasaa guutuu MP3 tuquun dhaggefadhaa.
Prezidaant Mubaarak Televiziyoona Amerikaa ABC jedhamuuf akka ibsantti, aangoo gadhiisuu nan fedha, garuu yoon kana godhe biyyattiin jeeqama keessa buuti jedhan.
Gumii aadaa fi Afaan Oromoo Yuniversitii Finfinnee Barnoota Ramaddiin cina, aadaa, Afaanii fi Aartii keenya jajjabeessuuf dirqma dhalootaatu nu irra jira jedha prezidaantiin gumii aadaa fi Afaan Oromoo Yuniversitii Finfinnee barataa Gololcha Baallii. Universitii Finfinnee keessatti, Gumiin Aadaa fi Afaan Oromoo ykn (GAO)n eega hundeffame waggaa 5 ta’eera. Akeeki hundeffama gumii kanaa, guddina aadaa fi Afaan akkasumas Artii oromoo baratoota oromoo giddutti jajjabessuuf, kana malees, baratonni kana keessatti qooda gama isaanii akka ba'an gochuf akka ta'e, prezidaantiin gumii kanaa barataa Gololcha Baallii ibsee jira. Torbanitti guyyaa tokko baratonni walaloolee, Asoosamaa fi wallelee aadaa dhiyessuun kan wal argan yoo ta'u, darbee darbees beektootaa fi keessummoota afeeruun, muxannoo aadaa qaban akka baratotaaf ibsan taasisama, jedha Barataa Goloolchaan. Gumiin Aadaa fi Afaan Oromoo, Wallistoota Oromoo bebbeekamoo Finfinnee keessaa afeeruun ka qophii sanatti hirmaachisu tahuu illee ibsee jira. Waggaa barnootaa jalqabaa fi xumura irratti qophii agarsiisa aadaa kan addaa akka qabaatan,dhuma waggaa irratti immo barattoota Oromoo eebbifafamaniif qophii eebbaa addatti gumiin kun qophheessu ta'uu, kitaaba suuraa eebbifamtootaa qabatee ba'u ka maxxansisuu ta'uu dubbata, prezidaantiin gumii kanaa, Barataa Gololchaa Baallii. Hojii kana gaggeessuuf kan oolu, barattoonni oromoo mooraa yunivarsitii Finfinnee keessa jiran marti ji'a ji'aan mata mataatti qarshii lama lama ka buusan ta'uu kan ibsee barataa Gololcha, " Kun barreefamoota ammaan dura qopha'an sana akka kitaabaatti maxxansisuu kan hin dandeessisne ta'uu fi gara fuula duraatti marsaa internetti fi 'Face book' irratti hojii gumii kanaa baasuuf carraaqaa jirra, gargaarsa Oromoota maraa illee feena."
Hojii kana gaggeessuuf kan oolu, barattoonni oromoo mooraa yunivarsitii Finfinnee keessa jiran marti ji'a ji'aan mata mataatti qarshii lama lama ka buusan ta'uu kan ibsee barataa Gololcha, " Kun barreefamoota ammaan dura qopha'an sana akka kitaabaatti maxxansisuu kan hin dandeessisne ta'uu fi gara fuula duraatti marsaa internetti fi 'Face book' irratti hojii gumii kanaa baasuuf carraaqaa jirra, gargaarsa Oromoota maraa illee feena." jedha.
Hoogganaan Itiyoophiyaa kun daawwannaa isaanii Awrooppaatti geggeessan xumuranii kaleessa gara Finfinneetti deebi’an jechuun Kenedii Abaatee Fifinnee irraa gabaaseera.
Walii galtee nagaa sana booda, dhaabbileen gargaarsa namoomaa naannolee kaaba Itiyoophiyaa walitti bu’iinsaan miidhamaniif gargaarsa dabalataa deessuu akka danda’an komiishinerri ol aanaan kun ibsa twiitera isaanii irratti barreessaniin ibsaniiru.
Gama biraatin duubbi himaan idila Addunyaa Waraana Bilisummaa Oromoo Odaa Tarbii waraanni isaanii naannoo kana keessa akka hin jirre sagalee Ameerikaaf ibsaniiru.
Ji’a caamsaa darbee keessaa sochii “Itiyoophiyaan Haa homishtu” jedhu jalqabuudhaan rakkinaawwan jiran hiikanii industirootaa omishaa barbaachisaa ta’an hojii jalqabsiisuun akka itti fufe Addis Chekol gabaaseera.
Akka waliigaltee nagaa Piritooriyaa keessatti mallattaa’e keewwata 6ffaatti, Raayyaan ittisa biyyaa fi waajiraalee mootummaa dhimmi ilaallatu biroon hatattamaan, haala salphaan, karaa nagaa, fi qindoominaan gara Mekellee seenuu jedha.
No media source currently available
Akka walii galtee Afriikaa Kibbaatti mallatteeffametti mootummaan Federaalaa tajaajila bu’uuraa naannoo Tigraay keessaa bakkatti deebiisuun akka saffisu qindeessuu qaba.
Waliigaltee kana ennaa qopheessan waa’ee qooda fudhattoota ijoo ta’an kanaa ilaaluu dhabuun haala balaa qabu uumeera jedhu taajjabdoonni.
Biiroon Fayyaa Oromiyaa Ministeera Fayyaa fi dhaabilee deggertootaa waliin tahuun dhukkubicha ittisuuf akka hojjechaa jiran dubbata.
Namii balaa kana raawwatee too’annoo jala oolee akka qorannoon irratii taasifamaa jiru beekameera.
Mootummaan Itiyoophiyaa fi ABUT Akka Dhukaasaa Dhaabuurratti Waligalan Yunaayitid Isteetis Gaafatte Afrikaa kibbaa keessatti marii nageenyaa irraa kan jiraan mootummaan Itiyoopiyaa fi ABUT akka dafanii dhukaasaa dhaabuu irratii waliigalanii adeemsaa karaa nagaatiif tarkaanfii isa jalqabaa akka fudhatan ministrrii dhimmaa alaa Yunaayitid Isateets Antoonii Biliinken ergaa fuulaa tiwuutarii isaanii irrati dabarsaniin gaafatanii jiru. Karaa biraatiin Marichii fiixaan akka bahu abdii isaanii kan ibsaan dubbii himaan ministeera dhimmaa alaa Yunaayitid Isteets Niid Pirayis waliigaleteen irra gahamuu yoo yaratee waan Afuran irratt akka xiyeeffatu ibsaa gaazexesootaa fi kenna keessatti himani jiru. Akuma Kanaan, inni jalqabaa dhukaasaa dhaabuu, gargaarsa namoomaa laachuu jalqabuu, tarkaanfii siviilota midhaa irraa eeguu, inii afuraffaanii fi inni barbaachisaan wa’ee waraanii Eeritiraa kaabaa Itiyoophiyaa keessaa bahu akka ta’e ibsaniiru. Dura taa’aan komishiinii gamtaa Afrikaa Muusaa Faakii Mohaamat, xalayaa guyyaa kaleessaa barreesaniinii gareewwan lamman marii nagaa kana irrattii hirmaachuu isaaniitiif galateeffataniiru. Mariin amma Dilbata dhuffuu onkololessa 30/2022 itti fufa jedhamee kun kalesaa jalqabamuu isaa kan beeksisan, dubii himaan prezidaanti Afrikaa kibbaa Veensenet Magwenyuu marichii fala naga qaqbeessaafii waarii qabesaa ta’e barbaachuuf akka ta’e oduu gabaastotaf ibsaniiru. Mariin nagaa kun kan jalqabamee yemuu waraanii mootummaa Itiyoophiyaa Tigiraayii keessatti bakkeewwan heduu qabachaa jiranutii. ministeerii Itisaa mootummaa Itiyoophiyaa ibsaa kaleessaa baaseen umnoonnii ABUT akka harkaa isaanii keennan gaafate jira. Karaa biraatiin duraa taa’aan ABUT Doktoor Debretsiyoon Gebremikaa’eel umnoonii isaanii akka mootummaa Itiyoophiyaafi Eeritraa injifachuu danda’an dhaadachuu isaanii Kenedii Abaatee gabaaseera.
Karaa biraatiin duraa taa’aan ABUT Doktoor Debretsiyoon Gebremikaa’eel umnoonii isaanii akka mootummaa Itiyoophiyaafi Eeritraa injifachuu danda’an dhaadachuu isaanii Kenedii Abaatee gabaaseera.
Akka isaan jedhanitti waliigalteen kun pireezidaantii naannichaa fi Dura-aa'aa GUHDEN jidduutti kaleessa mallatteeffame.
Oduu biraatiin, mootummaan Itiyoophiyaa, “Ayerlaand gochaalee hamaa raaw’atu dhaabuu qabdi” jedhuun, Mootummaa Ayerlaanditti xalayaa barreessitee jirti.
Haalumaa walfakkaatuun, barattoonni biyyatti kutaa 12 onkoloolessa 18ti amma onkoloolessa 21ti qormaataa Saayinsii umamaa akka fudhatanifi qormaanni Sayiinsii hawaasaa kaleessa akka raawwateministeerri barnootaa beeksisuu isaa Gebreemikaa’el Gebremedihiin Finfinnee irraa gabaasee jira.
Qorattoonni tokkummaa mootummootaan deggeraman baatii darbe akka jedhanitti mootummaan Itiyoophiyaa beela akka meeshaa waraanaatti itti fayyadama.
Obbo Zammanan miseensa garee adda gootoota Itiyoophiyaa jedhamu kan ture yoo ta'u, bara 2015 Ginbot 7 waliin walitti dabalamuun adda kanaa hundeessuu Ertraa keessa kan turan yoo ta’u , Zammana Kaasee fi qabsaa'onni biroo bara 2018 gara biyyaatti deebi'an.
Ammallee ayyaana federaalaa hin ta’in jiraatus, wixineen seeraa tokko Kongireesii dhaaf dhiyaatee jira.
Dinummaan wal ilaaluu haaraan jiraatus, bulchiinsa naannolee Afaar, Amaaraa fi Tigraay keessatti argamuun bakka dhaqqabuun danda’ameetti, gargaarsa namoomaa raabsuunitti fufeera, jechuun OCHAAn kaleessa Tiwiitarii ofii irratti barreessee jira.
Dubbi himaan ABUT Geetacheewu Radda Fuulaa Tiwuutarii isaanii irrati ibsaa baasaniini waraanaa Eertiraa karaa naannoo Affariin seenee bakka Barahilee jedhamuutti waraanaa isaanii irratti dhukaasaa bane hinjifachuu isaanii akka ibsaan Kenedii Abaatee gabaasee jira.
Haleellaan Samii Irraan Geggeessame Tigraay Keessaa Nama Tokko Galaafachuun Ibsame Haleellaan qilleensa irraan jimaata har’aa Tigraay irratti geggeessame lubbuu nama tokkoo galaafachuu hospitaalli guddichi naannoo sanaa beeksisee jira. Baatii tokkoo fi humnoota deggertoota mootummaa fi loltoota TPLF gidduutti walitti bu’iinsi deebi’ee uumamuu isaa AFPn gabaaseera. Hagayya 24 gara lolaatti deebi'uun adeemsa araaraaa Bitootessa keessa ture kan cabse yoo ta'u, waraanni mootummaa muummicha ministeeraa Abiy Ahimadiifi Adda Bilisummaa Ummata Tigraay (TPLF) gidduutti gara waggaa lamaaf geggeessame karaa nagaan hiikuuf abdii ture dhabamsiise. Angawoonni Tigraay ji'a kana keessa marii mootummaa Abiy waliin taasifamuuf gufuu ijoo ta'e buqqisuun, marii jaarsummaa Gamtaa Afrikaatiin taasifamu irratti hirmaachuuf qophii ta'uu isaanii beeksisanii turan. Garuu lolli erga haleellaan qilleensa irraan naannoo kaabaa rukutee, michuu Itiyoophiyaa Eertiraan ammoo daangaa ce'uun gara.lola diina ishee durii TPLF irratti godhamutti makamtee hammaate. "Har'a ganama naannoo sa'aatii11:30tti haleellaan diroonii raawwatameera. Maanguddoon waggaa60 tokko ajjeefaman jechuun angawaan olaanaa hospitaala riferaalee Ayder Kibrom Gebreselassie ergaa AFP'f dabarsaniin beeksisaniiru. Waraanni Deebi’ee Ka’e Akka Dhaabatu Gumiin Dhimma Amantii Tigaay Gaafate Gumiin dhimma amantii kan naannoo Tigraay dhiyeenya waraana Itiyoophiyaa gama kaabaa keessatti deebi’ee ka’etti aansuu dhaan lolli akka dhaabatu waamicha dabarsee jira. Gumichi ibsa baaseen waraanni kun bakkaawwan amantii, hambaassan seenaa mancaasee lubbuu galaafataa jira jedheera. Haaluma wal fakkaatun miseensonni hawaasa sivikii Tigraay 80 ol ta’an ba’ii suukaneessaa waraanni kun qabaate tuquu dhaan waraanni kun akka dhaabatu gareelee wal fincilanii fi hawaasa addunyaaf waamicha dabarsaniiru.
Haaluma wal fakkaatun miseensonni hawaasa sivikii Tigraay 80 ol ta’an ba’ii suukaneessaa waraanni kun qabaate tuquu dhaan waraanni kun akka dhaabatu gareelee wal fincilanii fi hawaasa addunyaaf waamicha dabarsaniiru. Misensota hawaasa siivikii naannolee Itiyoophiyaa kanneen biroo k ka birootiin waamicha darbe irra deebi’an jechuu dhaan Mulugeetaa Atsbehaa Meqelee irraa gabaaseera.
Hamer Kibxata kaleessaa ibsa gaazixeessotaaf kennaniin, Eerraan dhimma keessoo kan biyya hollaa ishee jidduu seenuu dhaabuu qabdi jedhan.
kana irratti oduu dhaa booda gabaasaa qabna.
Koreen mirga Gaazexessootaaf falmuu (CPJ)n akka jedhutti, walitti bu’iinsii eega ka’e as Gaazexxessotaa fi hojjattoota Midiyaa yoo xiqqaate 63 ta’an hidhamuu baatii dabree gabaasee jira.
Itiyoophiyaa gama kaabaa keessatti dinummaan wal ilaaluun kun itti fufuu isaaf gadda itti dhaga’ame ibsee jira.Kanaafis mootummaan marii karaa nagaa gaggeeffamuuf balbalaa isaa banee kanaafis qophii ta’u isaa akka labsu ibsii ba’e gaafachuu isaa Yonaataan Zabdiwoos Hawaasaa irraa gabaasee jira.
Itti aantuu komishinerittiin Raakeeb Messelee VOAf akka himanitti qorannaan isaanii yeroo itti dabalaa barbaada jedhaniiru.
Komaandar Daraartuu Tulluu gama isheen, doktoriin kabajaa naa kennamee kun, kan koo qofa mitii jechuun haasawaa dhageesifteen, kanneen dirree addunyaa irratti gama atleetiksiin injifatanii alaabaan biyyatti waltajjii irratti ak ol ba’u taasiisan akkasumas leenjiiftootaa fi kan federeeshinii atleetiksii Itiyoophiyaa ta’u ibsuun barbaada jettee jirti.
Walitti Bu’iinsa Tigraay Keessaa Karaa Nagaan Furuu Barbaanna: Mootummaan Itiyoophiyaa Mootummaan Itiyoophiyaa Walitti bu’iinsa Tigraay keessaa karaa nagaan furuun kana barbaadu ta’u ibsa kaleessa baaseen beeksisee jira.Addi bilisummaa uummata Tigraay (TPLF) tarkaanfii fudhataa jiruu ittiin jedhee fi walitti bu’iinsa jiru karaa nagaan furuu diduu isaaf hawaasnii addunyaa ifatti akka balaaleeffatuuf Ministeerri haajaa alaa Itiyoophiyaa gaafatee jira. Addi bilisummaa uummata Tigraay gama isaan mootummaan federaalaa kan Itiyoophiyaa walitti bu’iinsa biyyatti gama kaabaa keessaa karaa nagaan furuuf yaalii ta’u gufachiisan jechuun himate.Dubbii himaan Addi Bilisummaa Uummata Tigraay (ABUT) Geetaachoo Raddaa Twitarii irratti akka barreessanti mootummaan Itiyoophiyaa humnootii isaa bulchiinsa naannoo Amaaraa keessaa qabuun tuttuqqaa torban tokkoo gaggeessaa eega turee booda Robii dabree tarkaanfii haleellaa labsee jedhan. Hawaasnii addunyaa gam lameen walitti bu’iinsa kanatti xumuura akka tolchan gaafataa jira. Ministeerrii dantaa alaa Itiyoophiyaa akka jedhutti ABUT guutummaan itti gaafatamaa akka ta ‘e beekuu qaba jedha. Itti fuufees gam lameen walitti bu’iinsa kana xumuura akka itti tolchan gaafachuun, dhugaa lafa irra jiru haaluun ABUT daran akka ija jabaatu taasiisa jedha ibsii ministrii Itiyoophiyaa kun. ABUT akka jedhutti immo mootumaan dhukaasa dhaabiinsa baatii Bitooteessa keessa gargaarsa dhala namaa seensisuuf jecha tolfame cabsuun humnootii isaa qindeessuun haleellaa wal irraa hin cinne Robii dabree jalqabee jedha. Gama kaaniin, Jaarmayoonni gargaarsa dhala namaa kan addunyaa ABUT boba’aa liitra kuma 500 fi kuma 70 kan man- kusaa jaarmayaa sagantaa nyaata addunyaa isa Maqalee jiru keessaa hatee akka deebisuuf gaafataa jiru. Bulchiituun jaaramaayaa misooma sadarkaa addunyaa kan yunaaytid Isteetis (USAID) Samaantaa Paawar, boba’aa kana akka deebisuu akkasumas hojii gargaarsa dhala namaa gaggeeffamuu akka kabajuuf gaafatan.
Bulchiituun jaaramaayaa misooma sadarkaa addunyaa kan yunaaytid Isteetis (USAID) Samaantaa Paawar, boba’aa kana akka deebisuu akkasumas hojii gargaarsa dhala namaa gaggeeffamuu akka kabajuuf gaafatan. ABUT hanna gaggeesse kanaa fi hojjattoota gargaarsaa irratti doorsiisa gaggeesse ittiin jedhan USAID jabeessee balaaleeffachuu isaa ibsan. ABUT akka jedhutti, boba’aa kana irraa liqeeffatanii akka turanii fi deebifachuunis mirga isaa ta’u ibse. Mootummaan bulchiinsa naannoo Tigraay boba’aa murtaa’aa harkaa qabu irraa liqeessuun kan irraa hin eegamne ta’u fi akka deebifamuufis kan hin gaafanne ta’u ibsii ba’e hubachisee jira. Jaarmayoota addunyaa keessaa ji’a ji’an boba’aa liitra miliyoona lama dilaallii ituu hin baafamiin biyya keessa galchuun hojii gargaarsa dhala namaa Tigraay keessatti gaggeeffamuuf akka olchuuf , mootummaan Itiyoophiyaa ehama kan kenne USAID qofaaf ture.
Nageenya imaltootaa eegsisuun kan inni dursa kennuuf ta’uu isaaf kanas cimsee kan itti fufu ta’uu mirkaneessee jira jechuun Faanaan gabaasee jira.
Gaaffii jedhuuf deebi inni kenne irraa ka’uudhaan qophiin sportti keenyaa jalqaba.
Hogganan biiroo nageenyaa godinaa Liiban Mohaamad Abdii gamma isaaniitin hidhattoonni Naanoo Oromiyaa irra ka’an gara naannoo Somaalitti Ce’udhaan horsiisee bultootaa Ajjeesanii beelladootaa saamuu isaaniitin kan ka’ee akka waltii bu’inschii umaame ibsuu isaanii Addis Chekol Dirredawaa irraa gabbasee jira.
odu gabaasaan VOA Heenrii Wiilkins namoota hongee fi dhiibbaa wal dhabdee jiruun magaalaa Erbeeti gidduutti danqamanii fi hojjettoota gargaarsaa kanneen bulchiinsi naannoon Affaar gargaarsa barbaachisu argachuuf, hongeen naannoo sana miidhuu isaa labsuu qaba jedhan waliin dubbachuun gabaaseera.
Ambaasadar Maayik Hamari fi Dippiloomaatonni Biroon Tigiraayiin Daawwatan Yeroo ammaa Itiyoophiyaa daawwachaa kan jiran gaanfaa Afrikaatti bakka bu’aan addaa Yunaayitid Isteets ambaasader Maayik Hamer, Bakka buutuun gamataa Awurooppaa Aneetaa Waayiber, bakka bu’otaa mootummoota gamtoomanii, ambaasaderootaa kanadaa fi Italiyaa wajjin Maqaleetti argamuudhaan prezidaantti bulchiinsa naannoo Tigraay Doktoor Dabretsiyoon Gabremikaa’eli fi Hogantootaa bulchiinsa naanoo Tigraayii wajjin akka marii taasisan sagaleen ABUT Dimitsii wayyanee gabasaasee jira. Marii kana irratti walwarransichaa hordofuudhaan badiinsaa Tigraay keessatti raawwate irratti ibsii baldhaan hoggantoota naannoo Tigraay irra akka kenname kan ibsii gabasiinii Dimitsii wayyanee, ummanii naannoo Tigraay fi Muutumaan naannichaa nagaaeenyaaf fedhii cimaa qaban ibsanii dhimma bu’uuraawwan misoomaa fi dhimmaa daangaa nanichaa irratti ijjanno qaban gareewwan diplomaatotaa kannaf ibssi baldhaan keenamuu isaa gabbasii Dimitsi wayyaanee beekisisee jira. Karaa biraatiin Yunaayitid Isteets fi gamtaan Awurooppaa ibsa waloodhaan baasaniin, waldhabiinsa kaaba Itiyoophiya jiruu hiikuudhaaf mariin siyaasaa barbaachisaa akka ta’ee hubachiisanii, tajaajilli bu’uraalee misoomaa kan akka ibsaa,baankii , telekominikashiinii fi tajaajillawwan barbaachisoon biroo akkataa deebi’anii hojii jalqaban irratti gareen bakka bu’ootaa wali galuu isaa beeksisaniiru. Dr. Dabree Tsiyoon Gebree Mikaa’el, hojjatoota tajaajilichaa deebisanii ijaaran irratti rakkinni akka hin umamnee kan ibsuu xalayaa ashuuraa nageenyaa mootummaa Itiyoophiyatti keennamuu bakka bu’ootaa hawaasaa Aduunyaa kanatti lachuu isaanii ibsii waloo kun beeksisee jira. Akkasumas Adeemsaa marii nageenyaa fiixaan baasudhaaf gareen lammanuu jechootaa jibiinsaa afarsani fi haasawwan harii umuu danda’an irraa akka of qusatan gareen bakka bu’ota hawaasaa Aduunyaa kun hubachiisuun isaa gabaasameera.
Akkasumas Adeemsaa marii nageenyaa fiixaan baasudhaaf gareen lammanuu jechootaa jibiinsaa afarsani fi haasawwan harii umuu danda’an irraa akka of qusatan gareen bakka bu’ota hawaasaa Aduunyaa kun hubachiisuun isaa gabaasameera.
Rakkina hongee Kanaan walqabatee namoonni 400 ta’an dhukubsatanii hospiitaalaa seenuudhaan waldhaanamuu isaanii fi daa’immaan Saddeet du’uu isaanii haanga’onni Hospitaala Kaaraat ibsuu isaanii fi bulchaan Zoonichaa obbo Daawit Gebeyyehu sababa balaa Kanaatiin namoonii du’an jiraachuu isaaniif mootummaan akka odeeffannoo hin qabne himuu isaanii gabaasnii Yoonaataa Zebdiyoos ibsiira.
Gama biraatiin ammoo Yunaayitid Isteetis har’a deeggarsa rakkoo nyaataa Ityoophiyaaf kan oolu doolaara miiliyoona 55 dabalataa akka kennitu beeksifteetti jechuun Aster Misganaaw gabaasteetti.
Dura teessuun komiishina dhimmootii mirga namaa kan tokkummaa mootummootaa Beetii Muruungii Itiyoophiyaa keessatti haleellaan hammaataa dhufuun baratamuu isaa tuqanii mootummaan Itiyoophiyaa dhiittaa mirga namaa geggeessamaa jiru dhaabsisee kanneen itti gaafataman seeratti akka dhiyeessu yaadachiisanii jiran jechuu dhaan Mesfin Aragee gabaaseera.
Mootummaawan biyyoottan lammanii walti bu’insaa daangaa irratti umamee, lubbuu loltootaa Sudaan 7 galaafate irratti wal balaaleffachaa akka turan ni beekama.
Sababaalee kanaaf ammas deemsi nagaa kun ni milkaa’a amantaa jedhu hin qabu a nagaa akka furamuu barbaadu jechuun Muluugeetaa Atsebahaa Maqalee irraa gabaasee jira.
Akka waliigalaatti walitti bu’iinsa Kanaan walqabatee namoonni 450 tooa’noo jalaa oluu isaani fi waltii bu’insaa sanaan miseensonni waraaaa feederaalaa fi miseensonni umnaa addaa naanichaa 72, akkasumas bulchaa aanaa dabalatee siviilonni heduun akka du’an Obbo Alamaayoo Baawudii ibsuu isaanii Yoonaatan Zebdiyoos gabaaseera.
Itiyoophiyaa fi Sudaan Walti-bu’iinsa Babaldhisuu Irraa Akka Of Qusatan Gamtaan Afrikaa Gaafate Mootummawwan Itiyoophiyaa fi Sudaan dubbii walti bu’iinsaa daanga biyyottan lammanni irratti rawwatameen ka’e akka qabbaneessaan gamtaan Afrikaa gaafachuu isaa AFP gabaaseere jira. Durataa’n Komishiinii gamtaa Afrikaa Muusaa Faakii Mahaamat Roobii har’aa ibsa kennaniin, biyyootan lamman akka walti bu’iinsa babaldhisuu irraa of qusatanuu fi akka marii taasisan waamichaa dhiheessaniiru. Biyyootan Obbolaan lamman waldhabiinsaa isaan gidduu jiru mariidhaan hikuu ni danda’u kan jedhan Muusaa Fakii, walti bu’iinsichii eessaayyuu haa jalqabamuu , garaa walwaraanssatti deemuun dhaabbachuu akka qabuu hubachiisaniiru. Waxabajii 22/2022 daangaa Itiyoophiyaa fi Sudaan bakka walfalmiin yeroodheeraa itti taasifamaa Alfashaaqaa jedhamuutii walti buinsaa umameen loltoonii sudaan torba du’aan isaanii hordofuudhaan mootummaan Sudaan qibxataa dheengadaa Ambaasadaraa isaa kan finfinee jira deebisee waamee, dhimichii garaa mana maree nageenyaa mootummootaa gamtoomanii fi gamtaa Afrikaatti akka dhiheesuu dhaadate ture. Haanga’onni ministira dimmaa alaa fi minsiteeraa Itisaa biyyaa Itiyoophiyaa waraanni biyyatti akka sudaan irratti dhukaasaa hin taasifne ibsanii loltoonni Sudaan daangaa cabasanii yemuu seenan milishootaa naannoo wajjin walti bu’insa uumameen loltoonni Sudaan akka ajjefaman ibsuun isaanii gabasameeraa. Qibxata kaleessaa loltoonni Sudaan daangaa Itiyoophiyaa irratii haleella raawwachuu isaanii gaazexaan Sudaan Tribuun jedhamu barreesuu isaa kan ibsee AFP , Dubbii himaan waraana Sudaan Naabiil Abdallaa waranii isaanii haleella akka hin raawwanee, fuulaa durattis haleellaa raawwachuudhaaf karoorra akka hin qabnee ibsuu isaani gabaaseera.
Qibxata kaleessaa loltoonni Sudaan daangaa Itiyoophiyaa irratii haleella raawwachuu isaanii gaazexaan Sudaan Tribuun jedhamu barreesuu isaa kan ibsee AFP , Dubbii himaan waraana Sudaan Naabiil Abdallaa waranii isaanii haleella akka hin raawwanee, fuulaa durattis haleellaa raawwachuudhaaf karoorra akka hin qabnee ibsuu isaani gabaaseera. Itiyoophiyaa fi Sudaan waldhabiinsaa Bakka Al faashaqaa jedhuu irratti qabaniin alatti hidha laga abbayyaatiin walqabatee Sudaaniif Masir waliin Ta’uudhaan mootummaa Itiyoophiya irratti akka komii qaban gabaasni AFP ibseera.
Itiyoophiyaatti hojii raawwachiiftuu Yunaayitid Isteets kan ta’an Ambasaader Treesii Jaakobson fi deetaan minsitiraa ministeeraa dhimmaa alaa Itiyoophiyaa Ambaasader Tesfaayee yilaam waa’ee AGOA irratti dhiheenyaa kana marii taasisuu isaanii mimisteerri dhimmaa alaa beeksisuu isaa fi Yunaayitid Isteets murtoo AGOA akka irra deebitee ilaaltuu Mootummaa Itiyoophiyaa gaafachaa jiraachuu isaa yoonaatan zebdiyoos Hawaasaa irraa gabaasera.
No media source currently available
Naannoo Somaalee keessatti kan argamtu magaalaan daangaa irraa Toogoocaaleen magaalaalee gabaa sharafa maallaqaa seeraa alaa yokaan “Black Market” jedhamuun beekaman keessaa tokko tahuu ka dubbatan – Dr. Yinnaageer, magaalaalee daangaa irraa kanneen akka Matammaa fi Duptii keessattis qajeelfamichi haaraan kan hojii irra oolfamu tahuu hubachiisanii jrian.
Bakka Dur Jiraataa Turreetti Deebi’uuf Waan Tokko Harkaa Hin Qabnu: Jiraattoota Afaar Wal waraansii mootummaa fedeeraalaa kan Itiyoophiyaa fi adda bilisummaa uummata Tigraay(ABUT) giddutti gaggeeffame uummata miliyoona hedduu manaa fi qe’e irraa godaansisee jira. Walitti bu’iinsii kun bulchiinsa naannoo Afaar irra jireessa keessatti kan dhaabtee ta’uus garu humnootiin ABUT yeroo Afaariin qabatan kanneen dheessan deebi’uu hin dandeenyu jedhu.Haleellaan magaala isaanii irratti gaggeeffamaa ture manneen isaanii fi waan jireenya isaaniif barbaachisu mara barbadeessee jira. Lollii kun siviiloota Tigraay qofa otoo hin taanee nuus miidheera jedhu. Mooraa Afaar keeessaa jiru tokko akka Tokkummaan mootummootaa tilmaameetti, namoota sababaa walitti bu’iinsaan godaanan kuma dhibba torbatu keessa jiraata. Kanneen keessaa tokko kan taatee Haalimaa Xaahir Ismaa’eel dur suqii qabu turan. Waan godaansaaf isaan dirqisisee ennaa ibsan, gaafa sana rafaa turre, dhukaasa meeshaalee gurguddoo dhageenyee ennaa hirribaa dammaqnuu godiina wal waraansaa keessatti of-agarre. Abbaamanaa koo fi ijoolleen adda facaane.Wal waraansii jabaan waan tureef manaa fi qe’e keenya dhiifnee baqanne jette. Iddoo irraa dheessinee Konnabaatti attamitti deebi’uu dandeenya? Bishaan hin jiru, qabeenyii qabaataa turree fi mi’i mana keessaa martii saamamee jira jetti. Narsii kan taatee fi fedhii isheen kutaa sana keessa waggaa 30 caalaaf hojjataa kan turte Valarii Braawniing gam lameen dhukaasa dhaabuun gargaarsii namoomaa akka seenuu eega ehamanii booda Afaarti deebitee waan argiite ennaa ibsiitu,badiin raawwatame toofta qabeessa. Mana sivilootaa tokko tokkoon irra deemuun saaman. Dahaabatootaa akkasumas kan mootummaa dabalatee ni guuban ykn barbadeessan akkasumas meeshoota adda addaa caccabsanii kaan hojiin ala taasiisan jette.
Dahaabatootaa akkasumas kan mootummaa dabalatee ni guuban ykn barbadeessan akkasumas meeshoota adda addaa caccabsanii kaan hojiin ala taasiisan jette. Sagantaan nyaata addunyaa fi gareen gargaarsa namoomaa kanneen biroon nyaataa fi gargaarsa biroo raabsaa kan jiran ta’uus, nama hundumaa baadiyyaa fi lafa dhaqqabuuf rakkisaa ta’etti bira ga’u hin dandeenye.Kana amalees iddoo hedduutti tajaajiilli bishaanii, kan fayyaa fi barnootaa hin jiru.
Komishineeriin Komishiinii poolisii naanichaa namoottan too’annoo jala oolan ragaalee qabatamaa ta’an irratti hundaa’uudhaan akka ta’e ibsaanii komii jiraattotaa irraa dhiyaachaa jiru fudhatama dhabsiisuu isaanii gabaasinii kun ibseera.
Bulchiinsa naanoo Afaar fi Amaaraa keessatti walitti bu’iinsa uumameen kanneen miidhamaniif, gargaarsii barbaadamuu akka ballinaan kennamuufi aangawootawaliin hojjanna jedhan.Torban dabree bulchiinsa Amaaraa keessa uummata kuma 56 ta’u michoonni keenya nyaata raabsanii fi jiru jedhanii, dhuma baatii Muddee jalqabee uummanni Miliyoona 19 caaluu mootummaa tokkummaa mootummootaa fi jaarmayoota kan mootummaa hin ta’iin ykn NGO biraa gargaarsa nyaataa argachuun ibsanii ibsamee jira.
Labsiin kun kan taasifamee erga mootummaan feederaalaa deggersaa boba’aadhaaf gochaa turee kaasuu isaa beeksisee as ta’uu isaa Gabasni Addis Chekkol Diree Dawaa irara ergee beeksiseeraa.
No media source currently available
Hongeen sun dhiibbaa hawaasummaa fi dinagdee guddaa uummaticha irraan ga’uun isaa ibsameera jechuu dhaan Yonatan Zebdwoos gabaaseera.
Obbo Zaan kan qabsoo hidhannootti makaman tahuu dubbatan, Obbo Uggutuun.
Hojjattoonii fayyaa kaabaa Itiyoophiyaa keessa jiran haalaa rakkisaa ta’e keessaa fedhii namootaa guutuudhaaf tattaafachaa akka jiran kan ibsan Obbo Baraasan gareewwan wal loliinsa keessa jiran hunduu gargaarsaa namoomaatiif akka haalaa mijeesan gaafachuu isaanii ibsii koree fannoo diimaa adduunyaa irraa bahe beekisiseera.
No media source currently available
Saud Arabiyaan kanneen balaa irra jiran dhalattoota Tigraayiif eegumsa gochuu qabdi jechuu dhaan Itiyoophiyaan dhalattoota Tigraay kanneen walitti qabuun hiite gad dhiisuu qabdi jedhan.
Nagaan waarinsa qabu kan argamuus, paatileen Tigraay keessaa hundaa fi humnootii Tigraay hunda marii hirmaachiseen ta’u hubachisee jira.Hawaasnii addunyaas kana hubachuun deemsa nageenyaa gaggeessuu qaba jechuu isaanii Mulugeetaa Atsebahaa Maqalee irraa gabaasee jira
Dhalatonni Tigraay kanneen 400,000 ta’an duruu haala beela fakkaatu keessa seenan.
Hoggantoonni ABUT himannaa mootummaan naanno Amaaraa dhiheesse kanaaf deebii kennuu baatanus , akka sarbiinsa mirga namoomaa hin raawwatnee fi qabeenyaa mancaasuu irratti akka hin hirmaanne kanaan dura dubbachuu isaanii gabaasni Aster Misgaanawu ibseera.
HIriirtonni kun naannoo biilsa mana maree bakka bu’ootaatii hanga waajjira USID san booda waajjira ministrii dhimma alaa fuulleetti hiriira geggeessanii jiran Dhaadannoo dhageessisaa, mallattoolee mootummaan Itiyophiyaa uummata Tigraay irratti fixiinsa sanyii raawwatee beelessaa jira kan jedhu qabatanii turan.
Ba’ii Qorannoo Haala Itiyophiyaa Ilaalchisuun komiishina Mirga Namaa Kan Tokkummaa Mootummootaa fi kan Itiyoophiyaan Ba’e Wal waraansi Itiyoophiyaa keessaa kan waggaa tokkoof ture gara jabinaan kan guute ture jechuu dhaan, qorannaan gamtaan geggeessame gochi gara jabinaa garee maraan kan raawwatan ta’uun ibsamus, eenyu akka itti gaafatamu, dubbachuu irraa of qusachuu dhaan hoogganaan dhimmootii mirga namaa kan tokkummaa mootummootaa roobii har’aa beeksisanii jiran. Qorannaan sun doorsisa angawootaan gufateera, kanaaf naannolee ugguramanii fi bakka wal waraansa sanaan akkaan miidhaman hin daawwanne. Ba’iin qorannaa kanaa, waajjira dhimmootii mirga namaa kan tokkummaa mootummootaa fi komiishina mirga namaa Itiyoophiyaan kan geggeessame kan hagas hin baratamin kun kan ifa taasisame, wal waraansi sun jalqabamee waggaa tokko guutuuf guyyaan tokko ennaa hafetti akkasumas Itiyoophiyaan humnoonni Tigraay Finfinnee seenuuf dhaadataa ennaa jiranii fi ennaa biyyattiin labsii yeroo muddamaa haaraa labsitetti. Tokkummaan mootummootaa Associated Prssiif akka ibsetti, angawoonni Itiyoophiyaa gaaixeessota, kanneen mirga namaaf falmanii fi taajjabdoonni biyyootii alaa kanneen biroon naannoo sana akka hin seenne waan ittisteef jecha, gareen qorannaa kun wal ta’ee hojjechuun barbaachisaa ture jedhee jira. Walitti bu’iinsi naannoo Tigraay keessatti ka’e, erga kan noobelii nagaa badhaafaman mootummaan muummicha ministeeraa Abiy Ahimed, loltoonni biyya hollaa Eetraa fi humnoonni Itiyoophiyaa, kan mootummaa biyyoolessaa dhuunfatanii turan TPLFtti akka duulan eeyamanii as namoota kumaan laka’amantu dhuman. Ergasii qabee dhalattoonni Tigraay guutummaa biyyattii keessatti irratti fufuleffatamuu dhaan walitti qabamanii akka hidhaman yoo ibsamu, siiviloonni Tigraay keessa jiran immoo kashalabbootaan humnaan gudeeddiin irratti raawwatamuu, beelaa fi jamaan qe’ee irraa buqqaafamuun irra ga’uun ibsameera.
Ergasii qabee dhalattoonni Tigraay guutummaa biyyattii keessatti irratti fufuleffatamuu dhaan walitti qabamanii akka hidhaman yoo ibsamu, siiviloonni Tigraay keessa jiran immoo kashalabbootaan humnaan gudeeddiin irratti raawwatamuu, beelaa fi jamaan qe’ee irraa buqqaafamuun irra ga’uun ibsameera. Dhiya Tigraay keessaa, dhalattoonni Tigraay naannolee irra hedduu gad dhiisanii waan deemaniif haasofsiisuun rakkisaa ture jedha gabaasi haaraa ba’e kun. Qorannaan gamtaan geggeessame kun haalawwan xumura baatii Waxabajjii ennaa humnoonni TPLF naannoo sana to’ataniitti ka jiru kan of keessaa yoo ta’u, garuu naannolee wal waraansi itti geggeessame kan lubbuun namaa akkaan keessatti dhumatee mgaalaa Aksuum dabalatee daawwachuun hin danda’amne. Sababiin isaas mootummaan Itiyoopohiyaa bilbila saatelaayitii qorannaaf gargaaran waan uggureef jecha.
Mootummaan uummata walitti bu’iinsaa fi balaa uumamaan rakkataa jiraniif ilaalcha itti kennuu akka qabu Izeemaan ibsa baasee jira.
Rakkoo Itiyoophiyaa Keessaa Irratti Walgahiin Sadarkaa Olaanaa Gaggeeffamee jira Ministeerrii haajaa alaa Yunaaytid Isteetes Antonii Bliinkeen rakkoo Itiyoophiyaa keessaa kan Ilaaleen Kibxata kaleessaa walgahii sadarkaa olaanaa waamuun keessummeessanii jiru. Sadarkaa addunyaatti qindaa’ee dhimmi kana dhiyeenyaan ni hordofuu kan jedhaman Bliinkan fi jilli addaa kan biyyoota gaanfa Afrikaa Jeefrii Feltman walii wajjiin walgahii keessummeessan kana irratti, itti gaafatamaa sadarkaa olaanaa gamtaa Afrikaa fi dura ta’an IGAAD Oluusheeguun Obasaanjoo, mummichi ministeeraa Sudaan Abdallah Hamdook, itti waamamaa gamtaa Awuroopaa Jooseef Boreel, ministeera hajaa alaa Inglizii Elizabet Trass, ministeerri haajaa alaa Jarmanii Niyals Allen akkasumas Gaanfa Afrikaa keessatti jila addaa Fransaayii kan ta’an Freedriik Flaviyar argamanii jiru. Ministeerrii haajaa alaa Amerikaa Bliinken Obasaanjoo waliin eega dubbatanii booda, walgahii kana keessummeessan jechuun waajirri isaanii ibsa kaleessa galgala baasee hubachisee jira.Rakkoo uumamee karaa nagaan furuuf gamtaa Afrikaa fi Igaad giddutti qindominaan hojjachuuf yaadii jiraachuu isaa kan deggeran ta’uun ibsamee jira. Itiyoophiyaa keessatti nagaa buusuun tokkummaa biyyatti eegsisuuf gamnii hundi haleellaa humnaa hatattamaan akka dhaaban, gara marii bal’aa fi hunda hirmaachiseetti seenuuf haala dandeesisuu bu’ursuuf isa jedhu, Amerikaa, gamtaa Awuroopaa, Faransaayii, Jarmanii, Inglizii hubachiisuu isaanii ibsii waajiira miniistrii dantaa alaa Yunaaytid Isteets biraa ba’e hubachisee jira. Kana malees kanneen walitti bu’iinsa kana keessaa harka qaban martii seera addunyaa akka kabajan, akkasumas Itiyoophiyaa keessatti kanneen rakkataa jiran maraaf gargaarsii daangaa tokko malee akka dhaqqabuufis Gaafachuu isaanii ibsamee jira.
Kana malees kanneen walitti bu’iinsa kana keessaa harka qaban martii seera addunyaa akka kabajan, akkasumas Itiyoophiyaa keessatti kanneen rakkataa jiran maraaf gargaarsii daangaa tokko malee akka dhaqqabuufis Gaafachuu isaanii ibsamee jira.
Dhimma isaa qulqulleessuufis yeroon itti dabalaa gaafatamuun ibsameera jechuun Habtaamuu Siyyuum gabaaseera.
Boordiin Filanno Itiyoophyaa mi’oottan barbaachsaa ta’an gara zoonichaa dursee kan ergee yemu ta’u, bakeewan filannoon marsaa 6ffaa hingeggeefamin hafan kafaa, Daawuroo, Shakkaa, Oomoo Lixaa, aanaa addaa Beench Shek fi kontaa keessatti Fulbaana 20/ 2014 akka taasifamu beeksisuu isaa gabaasinii Yoonaatan Zebdiyoos ibseera.
Addi Bilisummaa Biyyoolessaa Ogaden fi Paartilee Biroon Adeemsa Filannootti Hirmaachuu Dhabuu Addi bilisummaa biyyoolessaa Ogaaden fi paartilee kanneen biroon adeemsa filannoo itti aanu keessaa of baasuun isaanii jijjiirama akka hin fidne boordiin filannoo beeksise. Gorsituun kominikeeshinii boordichaa Sooliyaanaa Shimellis ibsa kennaniin, iyyata paartilee siyaasaan dhiyaateef furmaata fiduuf boordichi baatii tokko dura waan irraa barbaachisu raawwachuu isaa ibsanii, amma Addi bilisummaa biyyoolessaa Ogaden fi paartilee biroon adeemsa filannoo keessaa of baasuun ba’iis ta’e akkaataa hojii irratti jijjiirama hin fidu jedhan. Fulbaana 20 kan geggeessamu adeemsa sagalee kennuuf boordichi qophee xumuruu isaa kan ibsan Sooliyaanaan, filannoo bara 2013 naannolee filannoon marsaa lamaaniin iyyuu hin geggeessamnetti kan geggeessamu dhimma filannoo hanga yoonaa murtiin hin kennamne. Gorsituun kominikeeshinii boordii filannoo Sooliyaanaa Shimellis kaleessa ibsa kennaniin naannolee 47 keessatti kan geggeessamu adeemsa filannoo bbara 2013, sagalee hiree murteeffannaa kan naannoo kibbaaf geggeessamuuf qophiin barbaachisu xumurameera jedhan. Paartilee siyaasaa filannoo kana keessatti hirmaataniif sabaa himaalee naannoo 9 keessatti yeron kennameefii dadammaqiinsa filannoo geggeessaa kan turan ta’uu ibsanii, qopheen meeshaalee dilannoos xumuramuu dubbataniiru. Haa ta’u malee Addi bilisummaa biyyoolessaa Ogaadeen guyyoota dura filannoo keessaa of bbaasuu ibsanii jiran. Kana ilaalchisuun itti gaafatamaan quunnamtii uummataa paartichaa obbo Hasan Abdilqaadir VOAf akka ibsanitti naannoo Somaalee fi walumaa gala Itiyoopiyaa keessa sirna dhablummaa fi aangootti seeraan ala fayyadamuutu jira jedhanii, filannoo walabaa fi haqaa geggeessuuf haalli mijataan waan hin jiraanneef filannoo naannoo Somaalee keessatti geggeessamu irraa of hambisuu isaanii ibsanii jiru jedha Kenedii Abaatee Finfinnee irraa
Kana ilaalchisuun itti gaafatamaan quunnamtii uummataa paartichaa obbo Hasan Abdilqaadir VOAf akka ibsanitti naannoo Somaalee fi walumaa gala Itiyoopiyaa keessa sirna dhablummaa fi aangootti seeraan ala fayyadamuutu jira jedhanii, filannoo walabaa fi haqaa geggeessuuf haalli mijataan waan hin jiraanneef filannoo naannoo Somaalee keessatti geggeessamu irraa of hambisuu isaanii ibsanii jiru jedha Kenedii Abaatee Finfinnee irraa
Ajaja Sadarkaa ol Aanaa Prezidaant Baayiden Mallatteessan Ilaalchisuun Mootummaan Tigraay Deebii Kenne Mootummaan Tigraay, bulchiinsi Prezidaant Joo Baayiden fi mootummaan Yunaayitid Isteetis akkasumas manni maree bakka bu’oota biyyattii rakkoo Tigraay keessaaf furmaatni karaa nagaa akka argamu tattaaffii dhaabbataa fi ijaaraa ta’e gochaa jiruuf galateeffatee ibsa baasee jira. Mootummaan Yunaayitid Isteetis seerri namoomaa kan sadarkaa addunyaa cabuu isaa fi dhiittaa mirga namaa mootummaa Itiyoophiyaa, Eertraa fi humnoota naannoo Amaaraa Tigraay keessa sosso’aniin raawwatamu ilaalchisee tarkaanfii adda addaa inni fudhateef mootummaan Tigraay galata qaba jedha ibsi sun. Humnoonni Eertraa fi kan Amaaraa Tigraay keessaa ba’anii, wal waraansa naannoo Tigraay keessatti geggeessamaa jiru karaa nagaan furmaata akka argatuuf lola dhaabinsi marii irratti hundaa’e akka tolfamu waamicha dabarsuu isaas ni yaadanna kan jedhu ibsi sun, gama sanaan Yunaayitid Isteetis marii lola dhaabinsaa, michoota sadarkaa addunyaa ka biroo waliin akka mijeesstiu ni affeerra jedha. Ajaji sadarkaa ol anaa Baayiden mallatteessan, turee dhaga’amu iyyuu, rakkoo naannoo sana keessaa furuu fi deggeruu gama ilaaleen daandii dheeraa deemuu danda’a jedha ibisichi. Siyaasa Itiyoophiyaa keessaa fi rakkoo gargaarsa namoomaa biyyattiif deebii kennuuf jecha labsii nageenyaa kan hatattamaa Itiyoopiyaa keessatti labsuu isaanii mootummaan Tigraay ni simata jedha. Prezidaant Bayaiden, rakkoon kun nageenya biyyoolessaa fi imaammata Yunaayitid Isteetisiif yaaddoo kana dura hin baratamin ta’uu adda baasuun isaanii illee sirrii dha jedhee jira. Ajaji sadarkaa ol aanaa Fulbaana 17, bara 2021 prezidaant Baayideniin mallatteeffame, mirga namoomaa Itiyoophiyaa keessaa kabachiisuuf uggurri, namoota hanga tokko irra kaa’amuu isaa mootummaan Tigraay cimsee ni amana, tarkaanfii daandii sirriitti geessu jedha ibsi mootummaan Tigraay baase kun.
Ajaji sadarkaa ol aanaa Fulbaana 17, bara 2021 prezidaant Baayideniin mallatteeffame, mirga namoomaa Itiyoophiyaa keessaa kabachiisuuf uggurri, namoota hanga tokko irra kaa’amuu isaa mootummaan Tigraay cimsee ni amana, tarkaanfii daandii sirriitti geessu jedha ibsi mootummaan Tigraay baase kun. Mootummaan Tigraayis gama isaan qajeelfamoota ijoo kan ajaja sanaa deggeruu akkasumas namoota dhuunfaa yakka hojjetan jedhaman, gareelee fi qaamotii adeemsa lolaaf wal barbaadu kana keessatti uummata Tirgaay fi uummata ka biroo irratti yakka hojjetan jedhaman adda baasuuf murtiitti dhiyeessuuf qophee ta’uu keenya ni ibsina jedhee jira. Uummata Tigraay tajaajila bu’uuraa, kan akka baankii, ibsaa, telekominikeeshinii, daldalaa, geejjiba daldalaa kan lafoo fi qilleensaa, fi gargaarsa namoomaa dhabee jira. Dhuma irrattis, weerara gara jabinaan guutame ittisuuf, dhiyeessii gargaarsa namoomaaf haala mijeessuu, humnootii weerartootaa mara gamasii baasuu mirkanessuuf akkasumas lola dhaabinsi marii irratti hundaa’e akka tolfamuuf fixiinsa Tigraay keessatti geggeessameef qorannaan walaba ta’e geggeessamee kanneen yakka raawwatan akka itti gaafataman tattaafii sadarkaa addunyuaa godheef ni galateeffanna jedha ibsi mootummaan Tigraay ajaja sadarkaa ol aanaa prezidaant Joo Baayideniin mallatteeffameef deebii kenne.
Mootummaan Federaalaa shoroorkeessaa dha jechuun kan ramadee TPLF kanneen hogganananii fi humnootii Tigraay kanneen ofiin jedhaniif dubbii himaan isaanii torban kana ibsa kennaniin, hidhattonni isaanii Ambaa seenaa irra miidhaa kan hin dhaqqabsiifne ta’u dubbatan jechuun gabaafamuu Asteer Misgaanaaw Baahir Daar irraa gabaastee jirti.
Kanneen Raayyaa Ittisa Biyyaa Haleeluu Keessaa Harka Qabu Jedhaman Itti Murtaa'utu Gabaasame ABUT raayyaa ittisa biyyaa irratti ennaa haleellaa raawwate waliin hojjetan kanneen jedhamanii fi himannaa kan irratti dhiyeesse miseensota raayyaa waraanaa keessaa galmee saddeeti irratti kan tarreeffaman loltoota 10 irratti, manni murtii waraanaa kutaa ajaja kibbaa hidhaa umurii saddeetii hanga kudha saddeetiin adabee jira. Manni murtii waraanaa kutaa ajaja kibbaa kan raayyaa waraana Itiyoopiyaa dhaddacha kaleessaan ture murtii kana kan dabarse. Murtiin kan irratti darbe ajajaa kumaa Baasshaa Kifle Kaahisaay, Kolonel Kifle Fisehay, ajajaa shantamaa Mebiraatuu Xilaay Berihee, loltuu Mekonnin Kinfee, ajajaa shantamaa Ferredee, itti aanaa ajajaa kudhanii Asaffaa Hagoos, itti aanaa ajajaa kudhanii Kifilenigis Gebregorgis akkasumas galmee tokko irratti kan dhiyaate kan Koloneel Kaasuu Habtuufaa keessatti tarreeffaman Leetenaal Kolonee Hagoos Asaffaa fi Letenaa koloneel Haylaay Gebruu ti. Manni murtii waraanaa, yaada murtii abbaaa alangaan dhiyaate dhadachichaaf dhiyeessee, murtiin yakka salphisu abukaatolee mana murtii waraanichaan, yaadawwan yakka cimsan immoo abbaa alangaan dhiyaatee jira. Kanneen murtiin irratti darbe kun akka seera yakkaa kan Itiyoopiyaa keenyata 293 hirkeeyata tokko irra daddarbuu dhaan danbii tajaajila raayyaa ittisa biyyaa cabsuu fi keeyata 32 hirkeeyata tokkofi keeyata 247 irra kan jiru cabsanii raayyaan waraanaa gara diinaatti akka dheessu jajjabeessuu fi kakaasuu dhaan jechuu dhaan dhaddachichi ibsee jira. Yakka wal fakkaatuun dhakkamanii to’annaa jaa kan oolan miseensonni kutaa ajajaa raayyaa waraanaa 150 qorannaan irratti geggeessamaa kan jiruu fi kanneen adeemsi qorannaa xumurameef immoo yeroo dhiyoo himannaan kan irratti dhiyaatu t’auun ibsameera
Yakka wal fakkaatuun dhakkamanii to’annaa jaa kan oolan miseensonni kutaa ajajaa raayyaa waraanaa 150 qorannaan irratti geggeessamaa kan jiruu fi kanneen adeemsi qorannaa xumurameef immoo yeroo dhiyoo himannaan kan irratti dhiyaatu t’auun ibsameera
Hookkorii kun kan dubartoota irrati raawwachaa jiru haanga’oota mootumaa fi ojjatootaa gargaarsaa namoomaatiin akka ta’es ibsii Refugees internatinaal kun hubachiiseera.
Ajjeechaa Jumlaa ABUT Naannoo Amaaraatti Raaw’ate Jedhame Bakka-bu’aan Dhaabichaa Ni Haalan Mootummaan shorokeessummaan kan himatee fi mootummaan federaalaa dhabamuu isaa fi aangoon kan bulchiinsa yeroo ti jedhu, ofii isaa mootummaa naannoo Tigraay jechuun qaamni of waamu, gaazixaan biyya Inglizii Ze Telegraafjedhamu gabaasa baaseef torban darbe deebii kenneen, gocha gara jabinaa siiviloota irratti raawwatamu kamiinuu shakkii tokko malee kan balaaleffatu ibsuu dhaan, gabaasa ze telegraaf kan hundee hin qabaanne irratti himannaa dhiyaate haaluu isaa ibsee jira. Ibsi sun itti dabaluu dhaan himannaalee naannoo Amaaraa keessatti siivilota irratti yakki raawwate jedhames, tokkummaa mootummootaan kan moggaafame qaamni walabaa akka qulqulleessu gaafatee jira. Ze Telegraaf torbee barruu maxxanseen, hidhattoonni TPLF naannoo Amaaraa godina Walloo kaabaa keessatti gandeen qonnaan bulaa meeshaa gurguddaan haleele jechuun gabaase. Keessumaa naannoo Agamsa jedhamu guutummaan barbadeesse jechuun miidhaan sun hagam akka ta’e tarreessee jira. Gaazixaan sun loltoonni TPLF manaa mana irra naanna’uu dhaan jiraattota ajjeesaniiru, mana qubaniiru jechuun ibsee jira. Namoonni loltoota TPLFn ajjeefaman dhibbaan laka’amu jedhee jira. Gocha tuqame kana kanneen miidhaan irra ga’e haasofsiisuu dhaan, kana duraa fi haleellaa raawwatame jedhame booda suraa saatelaayitii wal bira qabuun mirkaneessuu isaa gaazixaan sun gabaaseera. TPLF kana kan raawwate, wal waraansi naannoo sana utuu hin jiraatin, ta’e jedhee uummaticha ijaa ba’uuf jedha gaazixaan sun. dubbi himaan mootummaa naannoo Amaaraa obbo Gizaachoo Muluneh torban darbe gaazixeessotaaf ibsa kennaniin, naannoon isaanii TPLF Agamsaa fi naannoo isaa irratti haleellaa fi ajjeechaa jamaa raawwate jedhan hawaasa addunyaatti beeksisuuf socho’aa jiraachuu ibsanii jiran. Gabaasa Telegraaf kanaa fi himannaa mootummaa naannoo Amaaraaf deebii akka kennaniif waahilli keenya sagantaa Afaan Tigree Betree Silxaan ofii isaa mootummaa naannoo Tigraay jedhee kan of waamuuf bakka bu’aa Ameerikaa kaabaa kan jedhaman Ambaasaadder Fissehaa Asgedoomiin bilbilaan dubbisee jira.
Gabaasa Telegraaf kanaa fi himannaa mootummaa naannoo Amaaraaf deebii akka kennaniif waahilli keenya sagantaa Afaan Tigree Betree Silxaan ofii isaa mootummaa naannoo Tigraay jedhee kan of waamuuf bakka bu’aa Ameerikaa kaabaa kan jedhaman Ambaasaadder Fissehaa Asgedoomiin bilbilaan dubbisee jira. Namootu hiikee dhiyeessa. No media source currently available
Abbaan alangaa lammiiwwan nagaa irratti hin fuulleffatamu jedhanis, Human Rights Watich hidhaa kana ilaalchisee qorannaa geggeesseen hedduun isaanii kan irratti fuuleffatame sababaa gosa isaaniin jedhee jira.
Namootta Kanaan duraa naannoo amaaraa keessaa jiraatanii , aangoo motummaa irratii hirmaatanii, qabeenya horatanii amma TPLF wajjin dhaabbachaa jiraachuu isaanii kan himan obbo gizaachewun, namoonii ololaa TPLF umuun ittuu hin jeeqamin naannoo isaanii damaqinaan akka eeguu qaban ergaa dabarsuu isaanii gabaasiin Atsreer Misgaanawu Raadiyoo Sagalee Amerikaatiif ergite ibseera.
Affaar Keessatti Walitti Bu’iinsa Uumameen Uummanni Kuma 75 Qe’ee Irraa Buqqa’uun Gabaasame Naannoo Affaar godina afur naannoo Fentii Rasuu walitti bu’iinsa waraanaa adda bilisummaa Uummata Tigraay waliin geggeessamaa jira jedhame torban tokko kan darbe yoo ta’u, hanga ammaatti aanaalee ja’a keessaa namoonni kummi 75 qe’ee irraa buqqa’uu itti gaafatamaan waajjira ittisa balaa fi wabii nyaataa naannoo sanaa Mehammed Huseen VOAf ibsaniiru. Lakkoobsi buqqaatotaa ibsamuu irraan kan hafe naannoo walitti bu’iinsi keessa jiru keessa namoonni jiraatan haala akkamii keessa akka jiran waan beekame dhabamuun kan isa yaaddessu ta’uu waajjirichi beeksisee jira. Balaa uumamaa irra deddeebi’uun harki namaa fi uumaan fide gragaarsa namoomaa irraan dhiibbaa geessisuu itti gaafatamaan kun hin dhoksine. Humna naannoo sanaatiin rakkoo sanaaf furmaata kennuun akka hin danda’amne, komiishina hooggana soda balaa federaalaaf ibsuu isaanii kan beeksisan itti gaafatamaan kun deggersa itti dabalaa argataa jiraachuu tuqaniiru. Buqqaatotaaf itti gaafatama nyaata dhiyeessuu kan qabu mootummaa dha kan jedhan obbo Mehaammed, naannoo isaaniitti kan argaman jaarmoliin gargaarsaa kan sadarkaa addunyaa hojii gargaars namoomaa irratti akka hirmaatan yaaliin godhamaa jiraachuu ibsaniiru. Rakkoon sun itti fufee battala jijjiiruun hin danda’amu taanaan, uummanni walakkaa miliyoonaa caalu kan naannoo sanaa rakkoo gargaarsa namoomaa keessatti kufa yaaddoon jedhu jidraachuu obbo Mohammed ibsaniiru. Dubbi himaan adda bilisummaa uummata Tigraay Geetaachoo Redaa AFPf akka ibsanitti, naannoo Oromiyaa irraa kanneen dhufaniif hidhattoota Oromiyaa naannoo Affaar turan irra haleellaan hangi tokko raawwatamuu amananiiru. Bulchaan naannoo Affaar Awwal Arbaa namoonni hangi tokko weerarri sun kan nu irratti raawwatameef sababaan waraana nananoo Oromiyaa irraa dhufe simachuu keenyaan jedhanii amanu, kun garuu dogoggora, dhugaan isaa nuyiin humnootii Itiyoopiyaa irraa adda baasuuf yaadamee kan raawwatee dha jechuu isaanii AFPn ibsuun isaa ni yaadatama.
Bulchaan naannoo Affaar Awwal Arbaa namoonni hangi tokko weerarri sun kan nu irratti raawwatameef sababaan waraana nananoo Oromiyaa irraa dhufe simachuu keenyaan jedhanii amanu, kun garuu dogoggora, dhugaan isaa nuyiin humnootii Itiyoopiyaa irraa adda baasuuf yaadamee kan raawwatee dha jechuu isaanii AFPn ibsuun isaa ni yaadatama.
Dargaggoota cufan waliin dubbannee bansiisuuf hojjataa jirra jechuun musxafeen dhaamsa barreeffamaa dhaabbata oduu Roytarsiif erganii jiru.
Gama kaaniinDubbii himaan Adda Bilisummaa Uummata TigraaY (TPLF) Obbo Geetaachoo Raddaa Twitarii ofii irratti injifannoo goonfataa jirra jechuun barreessanii jiru.
Gabaasnii kan Addis Chakoli.
Himannaa buqqaatonni kun dhiyeessan ilaalchisee hooggana humnootii naannoo Tigraay kanneen jechuun of waaman biraa daandiin bilbilaa waan adda citeef deebii argachuu hin dandeenye jedha Mesfin Aragee Dasee irraa.
Mootummaan Itiyoophiyaa Dhaabota Qarqaarsaa Tokko tokko Biyyaa Baasuu Akka Danda'u Akeekkachiise Minister-deettaan Ministrii Dhimma alaa Itiyoopiyaa Ambaasaadder Reedwaan Huseen har’a ibsa kennaniin, sababaa dhiyeessii gargaarsaan qindeessitoonni gargaarsa namoomaa TPLFn hidhachiisan jiraachuu tuquu dhaan, mootummaan dhaabolii gargaarsaa tokko tokko biyyaa baasuu kan danda’u ta’uu akeekkachiisan. TPLF waraana kakaasuuf dubbii tuqachaa kan jiru ta’uu kan ibsan ambaasaadder Reedwaan, tuttuqqaan kun itti fufnaan, mootummaan labsii dhukaasa dhaabinsaa xiinxalee tarkaanfii fudhachuuf kan dirqamu ta’uu dubbatan. Hawaasi addunyaas gocha TPLF kana akka balaaleffatu gaafataniiru. Ambaasaadder Reedwaan ibsa isaanii har’aatiin, Itiyoopiyaan qormaata hamaa seenaa keessatti ishee mudate keessaa tokko yeroo ammaa dura dhaabbachaa kan jirtu ta’uu iseef, biyyattiinis akka diigamtuuf dhiibbaan itti fufee jiraachuu beeksisanii, biyyoonni michoota ta’an deggersa akka godhan gaafataniiru. Dhiittaa mirga namaa Tigraay keessa jiruun wal qabatee manni maree dhimmootii mirga namaa kan tokkummaa mootummootaan yaadi murtii darbe, “Haal duree Itiyoopiyaa irra uggura kaa’uuf ta’e” jechuu dhaan cimsanii balaaleffataniiru jechuun Kenedii Abaatee Finfinnee irraa gabaaseera. Gama biraan, Naannoo Tigraay Bulchuutti deebi’uu isaanii kan ibsan Dr Debretsiyoon Gebremikaa’l ibsa kennaniin lola kan geggeessaniif, naannolee humnaan qabaman gad dhiiisuuf akka ta’e dubbataniiru. Baatilee saddeettan darban heera cabsuu dhaan naannolee Tigraay jalatti bulaa turan qaamotiin humnaan qabattan, hatattamaan dhiistanii akka baatan jechuun akeekkachiisan. Dubbi himaan TPLF Geetaachoo Redaas qabiyyeen Tigraay guutummaan hanga deebi’utti, humnoonni naannoo tarkaanfii fudhatan itti fufu jedhan. Humnoonni mootummaa federaalaas, kana booda yaaddoo Tigraay akka isaan hin taane gochuuf hojii hojjennu itti fufna jechuun VOAf ibaniiru.
Humnoonni mootummaa federaalaas, kana booda yaaddoo Tigraay akka isaan hin taane gochuuf hojii hojjennu itti fufna jechuun VOAf ibaniiru. Mootummaan federaalaa daa’imman ajjeesaa jira jechuun illee yakkaniiru. Angawoonni mootummaa naannoo Amaaraa fi kan mootummaa federaalaa garuu TPJF Walqaayitii fi naannoo Raayyaa gara naannoo Tigraayitti kan deebise, waggaa 30 dura aangoo qabatee fi humna qabu fayyadamuun akka ta’e dubbatan. Naannoleen sun Tigraay jala kan seenan, heerri Itiyoopiyaa raggaasisamuu dura akka ta’e yaadachiisuu dhaan adeemsi sun hundee seeraa hin qabu ennaa jedhan dhaga’ameera. Falmiin akkasii furmaata kan argatu, mana maree bakka bu’ootaan kan hundeeffame, komiishina daangaa fi eenyummaan ta’uu mootummaan federaalaa irra deddeebi’uun ibsee jira. Tigraay keessatti kan raawwataman dhiittaa mirga namaa ilaalchisee angawoonni ol aanaan abbaan alangaa federaalaa irra deddebi’uun ibsa kennaniin yakki loltootaa fi sivilotaan raawwatame qoratamee himannaaleen hangi tokko dhiyaachuu fi adabi illee murtaa’uu ibsaniiru. Muummichi ministeerichaas hoogganoonni biyyattii sadarkaa ol aanaa qorannaa geggeessanii kanneen balleessan seeraan akka gaafataman irra deddeebi’uun ibsaniiru.
Gumiin kun qaamotiin martinuu akka seera namoomaa kan sadarkaa addunyaatti, hojjettoota gargaarsa namoomaa, siiviloota dabalatee kabajaa isaanii akka eegan, hojjettoota gargaarsaa fi meeshaa hojii isaanii fi hojjettoota eegumsa fayyaa, keessumaa hojjettoota gargaarsa namoomaa kanneen hojii wal’aansa fayyaa irratti bobba’an, mala geejjiba isaani fi meeshaalee isaanii, hospitaaltotaa fi keellaalee eegumsa fayyaa ka biro akkasumas guutummaan hojii akka hojjetan akka eeyamamu, gargaarsi namoomaa kanneen isaan barbaachisu akka dhaqqabuuf danqaa malee daandiin akka saaqamu, qajeelfama namoomaa kabajuu fi seerri sadarkaa addunyaa hojii irra akka oolu gaafata murtiin sun.
Itiyoophiyaa gama kaabaa keessatti karoora gargaarsa dhala namaaf ba’e turee hanqiina Doolaara Miliyoona dhibba afurii fi Miliyoona soddomii sadiitu hanga dhuma waggaa kanaatti isa mudatee jira.
Abbaan alangaa muummichi gumichaaf akka ibsanitti ba’iin qorannoo ni beeksisama jedhanii, sadarkaa amma irra jiruun waa’ee ba’ii qorannoo mari’achuun amanamummaa adeemsa jiruu dadhabsiisa jedhan.
VOAn Polisii Fedeeraalaa biraa odeeffannoo argachuuf yaaliin irra deddebi’ee godhe yeroof hin milkoofne.Ta’uus garu itti aantuun kantiibaa magaala Finfinnee aaddee Adaanach Abeebee dhimmi kana tokko tokkoon kaasuu baatan iyyu Finfinnee keessa ta’anii kanneen akkajecha isaanti shoroorkeessaa ittin jedhan TPLF f kanneen deggeran jiraachuu ibsuun qaamoota akkasii itti gaafatamtoota gochuun barbaachisaa ta’uu kaleessa, jedha gabaasaan VOA Finfinnee irraa.
Uummata Tigraay Boodatti Kan Deebisu Humni Lafa Kana Irra Hin jiru: Prezidaantii Naannoo Tigraay Prezidaantiin naannoo Tigraay Dr. Debretsiyon Gebre Mikaa’el kaleessa baatilee saddeeti booda Televiziyoona Tigraay irratti dhiyaachuun haasaa dhageesisaniin hoogganni Tigraay erga baatii Sadaasaa qabee rakkoo isa mudate ibsuun kan ulfaatuu fi yeroo hamaa dha jechuu dhaan, weerartoota dura dhaabatanii ce’uuf ulfaataa, injifannoo gonfachuunis dukkana fakkaatee yeroo itti mul’ate ture jedhan. Humna weeraru kan ittiin jedhan, baatilee saddeettan darbaniif Tigraayiin kaartaa addunyaa irraa dhabamsiisuuf uummata Tigraay dachee kana irraa haxaa’uu fi akkasumas sanyii isaa balleessuuf weerarri wal duraa duubaa raawwatameera kan jedhan Dr. Debira Tsiyoon, humnoonni kun jaarraa 21ffaa keessa illee kan abjuun yaaduun nama rakku gocha gara jabinaa raawwachuu dhaan hawaasa addunyaa utuu hin hafin kan rifaasise gocha hamminaa raawwataniiru jedhan. "Uummati Tigraay qabsoo hidhannoo dheeraa, dhiigaa fi lafee isaan kan mirkaneesse hiree isaa ofiin murteeffachuu fi mirga isaa ofiin of bulchuu harkaa butuuf eenyummaa fi kabajaa isaa biyyoolessaa cabsanii, waggoottan 30n darbe qabeenyaa inni dafqee horate saamanii, gubanii fi mancaasanii akka inni boodatti deebi’uu fi hiyyoomu, beelaa fi dhukkubaan akka inni dhumu, hawwa hamaa kana irraa kan hafe immoo baqatee akka inni tamsa’u gochuuf boolli isaan hin qonne hin jiru," jedhan, Dr. Debrtsiyoon. Qabsoon uummataa dirqamnee malee fedhiin kan itti seenne akka hin ta’in ifaa dha jedhan Uummata Tigraay boodatti kan deebisu humni lafa kana irra jiru hin jiru jedhan. Kanaaf uummata Tigraay kan isa barbaachisu wal duraa duubaan tarreessanii, hatattamaan yeroo gabaabaa keessatti fuula duratti tarkaanfachuun waan hin oolle, jecha kana immoo hojiin kan agarsiisnu ta’uu keenya firaa fi diinni beekuu qaba jedhan.
Kanaaf uummata Tigraay kan isa barbaachisu wal duraa duubaan tarreessanii, hatattamaan yeroo gabaabaa keessatti fuula duratti tarkaanfachuun waan hin oolle, jecha kana immoo hojiin kan agarsiisnu ta’uu keenya firaa fi diinni beekuu qaba jedhan. Sagantaalee keenya nagaa, misoomaa fi dimokraasii mudhii keenya cimsinee hidhachuun hojjennee jijjiirama hawaasaa heddumminaan galmeessuu dhaan injifannoo ka biro ni galmeessina jechuun Dr. Debretsiyon G/Mikaa’eel dubbataniiru.
Akka Dubbi himichii dabalanii dubbatanitii baqatoonii lola Tigiraay keesa jiru baqatanii sudaan keesaa qobatan kun gargaarsaa atattamaa barbaadu.
Rakkoo Tigraayiif furmaanni gama siyaasaa akka barbaadamuu biyyatti keessatti nagaaf tasgabiin akka jiraatu yaalii Itiyoophiyaan gootuuf gamtaan Afrikaa deggersa gochuuf qophii wal irraa hin cinne akka qabu ibsii waajiira isaanii irraa ba’e hubachiisee jira.
Gabaasaa guutuu caqasaa No media source currently available
No media source currently available
Walitti bu’iinsii hidhannoo, hokkaraa fi wabii nyaataa dhabuun wal dabaree deemuu kun cabsuuf tarkaanfii qabatamaan fudhatamuu qaba jedhan Laawkook.Kanaafis biyyonni miseensoota gola naga eegumsaa ta’an tarkaanfii akka beelli hin dhufne ittisu tarkaanfii danda’ame akka fudhattan gaafadha jedhan Gabaasa Guutuu Caqasaa No media source currently available
No media source currently available
Kunis kaardii ittiin sagalee kennan maxxansanii fixuuf akkasumas hojii kanneen biroof ta’u ibsan.Itiyoophiyaan bara darbee sababaa weera vaayrasii Koroonaan kan ka’e filannoo kana yeroo biraatti dabarsuun ishee ni yaadatama.
Ijolleen barattotta Yuniversitii naannoo itti dhalatan dhaqanii akka filatan kan taasisamu yoo ta’u, kanneen qe’ee ofii irraa buqa’an bakkuma jiran taa’anii sagalee akka kennaniif kan yaadame, akka yaadametti kan hin milkoofne ta’uu illee ibsaniiruu jedha gabaasi Addis Chekol.
kanneen yeroon gargaarsi dhaqqabu akka danqamu ittisan seeraan itti gaafatamuu qabu.
Filannoo irratti falmii fi komee dhiyaatuuf Komee filannoon alaa kanneen biro caalaa ilaalchii duraa kan kennamu ta’uun Ibsame.Kana gochuufis abbootii murtii jiran 209 keessaa kanneen walitti dhufan magaalaalee Dassee, Baahir Daar, Dabra Birhaan fi Gondar keessatti turban kana leenjii fudhachuun isaanii ibsamee jira.
Walii galtee qabatamaa irra ga’uuf gamnii hundi yaalii isaanii jabeessanii akka itti fuufan jaarmayaan isaanii waamicha akka dhiyeessu Duyaariich ibsanii yaalii dura ta’aan gamtaa Gamtaa Afriikaa Shisiikeediin godhaniif dinqiisiifannaa isaanii ibsanii jiru.Yaalii gama hundaan ta’uuf Tokkummaan Mootummootaa qophii ta’u irra deebi’uun kan mirkaneessan yoo ta’u atii kana dhiisii ani immo kana nan dhiisa deemsii jedhu barbaachisaa ta’u hubachiisanii jiru.
Ministeroonni Briteen, Kanadaa, Ferensaay, Jarmanii, Xaaliyaanii, Jaappaanii fi Yunaayitid Isteetis, bakka buutonni sadarkaa ol aanaa kan gamtaa Awrooppaa hookkarri dhaabatee mara biratti fudhatama kan qabu adeemsi siyaasaa ifaa fi hunda hirmaachise Tigraayiin dabalatee lammiiwwan Itiyoopiyaa mara biratti fudhatama kan qabu akka uumamu waamicha dabarsaniiru.
Qindeessaan komaand poostii naannoo benishangul Gumuz, letenaa jeneraal Asraat Deneeroo yaaddoos ta’e qe’ee irraa buqqa’uun naannoo dhiisanii deemuuun jiraachuu amananii, kanneen qe’ee ofii irraa godaanan deebisuuf hojjetamaa jira jedhan.
Iddoo sana Tigraay dhiyaa jedhanii waamuun sirrii miti jedhanii ammaan dura gaaffii eenyummaa kaaftan jedhamuun namoonni iddoo sanaa kaafaman 500,000 caalaan amma deebi'aa jiru jedhu.
Gabaasa Guutuu Caqasaa No media source currently available
Jalqabamuu Sagantaa Qubsiisa Baqattootaa Yuunaytid Isteetis Dhaabatee turee fi Baqattoota Waggoota afran darbaniif kan adda cite ture sagantaan qubsiisa baqattootaa kan Yuunaytid Isteetis jalqabamaee jira. Bulchiinsi Prezdent Joo Baayden sagantaa bara bulchiinsa Prezdent Tramp dhaabatee ture kana jalqaba ji’aa kanatti ka jalqabsiisanii turan yoo tahu, baqattoonni carraa kana eeggataa turan garuu, sagantaan kun dhaabbachuun jiruusaanii akka gaaga’e ammas abdii homaa waan qabatamaa akka hin dhageenye dubbatu. No media source currently available Obbo Mohaammed Abdullaahii baqataa lammiin Itiyoophiyaa ganna 30 ol buufata baqataa keeniyaa lameen keessa jiraatani. Akka mootummaan dargii kufeen biyyaa baqachuu ka himan obbo Mohaammed, buufata baqattootaa Kaaba Baha Keeniyaa jiru Dadaab keessa ganna 25, buufata Kaakumaa keessa ammoo ganna 5 ol akka jiraatan dubbatu. Obbo Mohaammed silaa sagantaa Yuunaytid Isteetis ittiin baqattoota ofitti fudhattuun jiruu baqaa warra obbaafatan keessaa tokko. Abbaan Ijoollee shanii, keessumaa ganna afran darban bulchiinsi Prezdenti Trampi duraanii sagantaa kana waan cufee tureef abdii kutannee jedhu. Obbo Mohammed dabalanii ijoolleen isaan buufata baqataa keessatti horatan dhimmuma kana waan isaan gaafataniif sanaafi deebii kennuun akka isaan dhiphisu dubbatan. Baqataan dhalooteen Itiyoophiyaa buufata baqattootaa Dadaab keessa jiraatu kaanis silaa sagantaa qubsiisa baqattootaa Yuunaytid Isteetis kanaan jiruu baqaa keessaa baha ture jedha. Amma garuu bulchiinsi Prezdent Joo Baayden murtee haarawa baaseen, qoqqobbii prezdetiin US duraanii Donaald Tirump sagantaa qubsiisa baqattootaarra kaa’an kaasanii jiru. Kanaanis Gurraandhala 4 bara 2021 ajaja immigreeshinii ilaallatuun dabarsaniin Baayden Yuunaytid Isteetis akkuma duraanii baqattoota ofitti simattii jedhan.
Kanaanis Gurraandhala 4 bara 2021 ajaja immigreeshinii ilaallatuun dabarsaniin Baayden Yuunaytid Isteetis akkuma duraanii baqattoota ofitti simattii jedhan. Antoonii Bliinken Barreessaan waajjira haajaa Alaa Ameerkaa, biyyi isaanii yuunaytid Isteetis mirga baqattootaa akka eegdu kanaanis jalqaba ji’aa kanaa kaastee koolu galtoota loogii malee akka simattu beeksisan. Bliinken, sagantaan kun loogii malee akka raawwatamuuf teeknoloojiin akka to’atamu, darbees namootni sagantaa qubannaa kanaan gara Yuunaytid Isteetis dhufan diinagdee fi hawaasa Ameerikaaf bu’aa gaarii akka ta’an ifoomsanii, sagantaa kana waggoota dhufan kana keessatti cimsanii akka itti fufan beeksisan. Dhaabbileen gargaarsa baqattootaa warreen akka IOM fi UNHCR’s murtee bulchiinsa Baayden kana jajanii jiru. Misheel Solomoon Direkterri waajjira giddu galeessaa fi Kaaba Ameerikaa IOM godaansi namaa biyyaa biyyaa yoo haala qindaayaan gaggeeffame guddina naannoof bu’aa akka qabu himanii dhaabbanni isaanii IOM bulchiinsa Baayden waliin hojjechuuf qophii akka ta’e akeekan. Jaarmayaa Mootummootaatti eejensiin dhimmi baqataa UNHCR’s, murtee mootumama Ameerikaa jajee jira. Koomishinerri eejensii UNHCR Filiippoo Graandii, murteen Bulchiinsa Baayden lubbuu baqattoota hedduu baraara erga jedhaniin booda qoqqobbii bulchiinsi Yuunaytid Isteetis duraanii sagantaa qubsiisa baqattootaa kanarra kaa’ee ture qeeqanii jiru. UNHCR ammas baqattoota miiliyoona 20 ol akka gargaaraa jiru ka beeksise yoo tahu, isaan keessaa miiliyoona 1 ol warra rakkoo nageenyaa qabanii fi qubsiisni biyya sadaffaa isaan barbaachisuudha jedha.
No media source currently available
Waajirri daldalaa bulchiinsa naannoo Amaaraa haanqiina Benzinaa mudatee hordofee hojii seeraan alaa gaggeeffamu to'achuuf qophiin jalqabamuu ibsee qonnaan bultoonni haala adda ta'een akka argatn gochuuf yaaliin ta'a akka jiru ibsee jira
No media source currently available
No media source currently available Waajjirri eegumsa fayyaa Finfinnee akka ibsetti hospitaalli kun wal faana sa’aatii tokko irra dubartoota miixatanii da’aniif kan oolu kutaalee 16 akkasumas sa’aatii dhuma tokko irra wal’aansa baqasanii hodhu kan keessatti kennamu kutaalee 7 qaba.
No media source currently available
Daarektarri ol’aanaan Sagantaa Nyaata Addunyaa, Deevid Bislii fi Ministarri Nagaa kan Itiyoophiyaa, Muferiyaat Kamiil, dhuma torbanii irra gara Tigiraayitti himaluun, uummata naannoo sana keessaa gargaarsa barbaaduuf deebii barbaachisu kennuuf, waahilummaa hojii cimaan ka barbaachisu tahuu agarsiisa, jechuu isaanii – Melleskaachew Ammahaa gabaasee jira.
Ijoollonni maatii isaaniitti adda ba’an kaneen 300 ta’an mooraa baqattootaa sudaan keessa jiraachuu ibsuu dhaan biyya ofii keessatti qe’ee irraa kan buqqa’an hedduun jiraachuu illee jaarmiyichi akeekkachiisee jira.
No media source currently available
Bakki sun naannoo daangaa muddamni itti hammaate irraa fagoo waan ta’eef nageenyi isaanii amansiisaa dha jedhu.
Garuu dalagaa fi qabeenyaan isaanii sababaa uggura sochii COVID -19f jecha tolfameef duraa dhabamee jira.
No media source currently available
Buufati xayyaara Baahir Daar kan Caamsaa 20 jedhamuun waamamaa ture buufata xayyaara Dej Azmaachi Belaay Zallaqaa jedhamee akka waamamu koreen waajjirri bulchiinsa kantiibaa magaalaa Baahir Daar torban darbe murteessuun isaa ni yaadatama jechuun Aster Misgaanaaw gabaasteetti.
Muktaar Jamaal dabalata qaba No media source currently available
Naannoo dhibeen busaa hammaatetti keemikaalli biifamuu, saaphanni siree raabsamuu ibsuu dhaan uummati of dagachuun fayyadamuu akka dhaabe illee ibsanii hawaasichi saaphana sireetti akka gargaaramu akkasumas mala ittisa dhibee kanaa hojii irra akka oolchu obbo Amaareen waamicha dabarsaniiru.
No media source currently available
Jaarmoliin Gargaarsaa Naannoo Tigraayiif Gargaarsa Erguuf Qophaa’uu Beeksisan Jaarmoliin gargaarsa Itiyoopiyaa keessa jiran bakka waraansi ji’a tokkoof geggeessame uummata kumaan laka’amu galaafatuu mala jedhameef rakkoon namoomaa amma jiru hammaate naannoo biyyattii falmisiistuu taate gara Tigraayitti gargaarsa erguuf qophee irra jiran. Tokkummaan mootummootaa roobii kaleessaa naannoo kanaaf gargaarsa namoomaa ittiin ga’uuf Itiyoopiyaa waliin walii galtee irra kan ga’e yoo ta’u hojjettoonni garaarsaa loltoonni federaalaa naannolee isaan mootummaa Tigraay waliin itti wal waraanaa turan jala kanneen jiran naannolee Tigraay kan dhaqqaban ta’uun beekameera. Akka walii galtee kanaatti erga waraansi sun jalqabe Sadaasa 4 qabee yeroo jalqabaaf midhaan, dawaa fi meeshaaleen gargaarsaa ka biroon uummata miliyoona 6 kanneen naannoo sanaaf akka dhaqu eegama. Muummichi ministeeraa Itiyoopiyaa Abiy Ahimed erga loltoonni federaalaa xumura torban darbee Maqalee qabatan jedhanii booda injifannoon argamuu isaa beeksisanii jiru. Hoogganoonni IWEHAT garuu gaarreen naannoo sanaa keessa lola ripxe loltummaa itti fufuu isaanii dubbatu. Hojjetaan gargaarsaa maddeen Tigraay keessaa maqaa dha’uun Rooyitersiif akka himetti naannoo sana gama kaabaa, kibbaa fi dhiya Maqalee keessatti lolli itti fufee jira. Uummati kumaan laka’amu waraansa sanaan dhumuu isaa fi kanneen miliyoona tokkoo il ta’an qe’ee irraa baqachuutu amanama. Kanneen 45,000 ta’an biyya hollaa Sudaanitti baqataniiru. Kan torban kana baqattoota mooraa Um Raaqubaa ka Sudaan keessaa daawwatan muummichi barreessaan gumii baqattoota Noorweey Jaan Eeglaand har’a ibsa kennaniin konkolaattonni gargaarsaa maatiiwwan gargaarsa fedhaniif deggersa barbaachisu fe’atanii naannoo Tigraayitti sosso’uuf qophaa’aniiru jedhan. Hanqinni nyaataa waan jiruuf jecha meeshaaleen gargaarsaa, dawaa fi gargaarsi kanneen biroon battala barbaachisa jedhan.
Hanqinni nyaataa waan jiruuf jecha meeshaaleen gargaarsaa, dawaa fi gargaarsi kanneen biroon battala barbaachisa jedhan. Tokkummaan mootummootaa hojjettoonni lammiiwwan alaa naannoo sana gad dhiisanii akka ba’an erga dirqisiisamanii booda rakkoo namoomaa naannoo sana keessatti hammaataa adeemeef gargaarsi naannoo sana akka dhaqqabu daandiin akka saaqamu jaarmolii gaafataa turan keessaa ti. Muummichi ministeeraa Abiy muddamni jiru akka qabbanaa’u waamicha sadarkaa addunyaa dura dhaabataa turan. Mootummaan isaanii paartii badhaadhinaa hundaa’e cimsuuf utuu yaalaa jiru baatiee muddama baatileef hammaatee booda mootummaa naannoo Tigraayiin akka seeraan alaatti fudhatee jira. Mootummaan naannoo Tigraay nuusa jaarraa tokkoo oliif paartii biyya bulchu dhuunfatee ture.
Sirna wal fakkaataa magaala Baahir Daar keessatti gaggeeffameen bulchaa bulchiinsa naannoo Amaaraa kan ta'an Obbo Aganyeehu Tashaagar akka jedhanti injifatamaa jira kan ittiin jedhan gareen ABUT iddoo adda addaatti Amaara irratti qiyyaafatee haleellaa akka hin geesifneef uummanni naannoo isaa eeguu qaba jechuun isaanii gabaafamee jira.
Gama kaaniin Seneetarri Maasaachuseet Elizaabeet Waaren hokkarri Itiyoophiyaa keessaa yaaddeessaa ta'u ibsan.Hogganoonni hokkara kana battalumatti qabaneessuun siviloonni Tigraay keessaa gargaarsa dhala namaa akka argatan mirkaneessuu fi mariif akka ta'an , mirgii lammiwwan biyyatti filannoo walabaa fi madaalawaa ta'e gaggeessuuf qaban akka kabajamuuf gaafatan.
Tarkaanfiin waraanaa fudhatamus uummata irra miidhaa akka hin geessisne of eeggannoo akka godhu motummaaf waamicha dabarsaniiru jechuun Mesfiin Argaagee gabaaseera.
Mootummaan Naannoo Tigraay Mootummaan Federaalaa Meqelee Irratti Xayyaaraan Haleellaa Raawwate Jedhe Ministeerri Ittisa Itiyoopiyaa Ibsa Kennee Jira Ibsi hara ministrii ittisaa itiyoopiyaan kenname wal dhibdeen mootummaa fi IWEHAT gidduu jiru erga jalqabamee booda isa jalqabaa ti. Ibsa kana kan kennan itti aanaa waraana walii gala jeneral Biraanuu Juulaa Kibxata galgalaa qabee waan uumame tuuta oduuf ibsaniiru. No media source currently available Hanga kibxata galgala sa’a 4tti biyyi keenya sochii idilee keessa oolte. Galgala sa’a afur irratti raayyaan waraana biyyaa keenya kan murna gama kaabaa haleellaa hin eegamnetu irra ga’e. weerara kana kan raawwate humna alaa miti. Ykn immoo hidhatee shiftaa ta’e kan mootummaa lolu miti. Qaamuma mootummaa keenyaa kan ta’e mootummaa naannoo Tigraay, raayyaan ittisa biyyaa isa eegaa kan jiruuf waraanichi mootummaa koo ti kan ittiin jedhu uummatis mootummaa koo ti kan itiiin jedhu keessa kanneen jiran humnoota finxaaleyyii murtaa’oon of ijaaraa erga turanii booda adda addummaa siyaasaa ni hiiku jedhamee utuu eegamaa jiru waggoota 20n darbaniif uummata Tigraay fi maootummaa naannoo dabalatee waraana eegaa ture irratti haleellaa raawwate. Gama biaan naannoo Tigraay keessa kan ture meeshaa waraanaa mara to’annaa jala oolchinee jirra jechuu dhaan itti aanaa prezidaantiin mootummaa naannoo Tigray Dr. Debretsiyoon G/mikaa’il ibsaniiru. Itti dablauu dhaanis karaa nagaa barbaanna, garuu waraanni barbaachisnaan weerara nutti dhufu dura dhaabachuu dandeenya jedhan. Naannoo magaalaa Meqeleetti mootummaan federaalaa xayyaaraan haleellaa raawwate jechuu dhaan mootummaan naannoo sanaa beeksisee jira. Mootummaan naannoo Tigraay galgala kana ibsa baaseen xayyaara mootummaa federaalaan ergametu haleellaa raawwate jedhee jira. Kunis sirni amma jiru farra uummataa ta’uu kan mul’isu jedhee haleellaa sanaan miidhaan dhaqqabe garuu hin ibsamne.
Kunis sirni amma jiru farra uummataa ta’uu kan mul’isu jedhee haleellaa sanaan miidhaan dhaqqabe garuu hin ibsamne. Gama kaaniin ajajaan humna qilleensaa Itiyoophiyaa Jeneraal Yilmaa Dheereessa gaafatamanii amma hojii sadarkaa olaanaa irra waan jirruuf mirkaniin laannuu hin jiru jedhanii jiran. Sagaleen xayyaara waraanaa guddaan naannoo sa’a sagalii magaalaa Meqelee keessaa dhaga’amuu Mulugeta Atsbahaa gabaaseera. Xiinxaltoonni siyaasaa, tarkaanfin Abiy naannoo Tigraay waliin walitti bu’iinsa yeroo dheeraa dhaqqabsiisuu mala yaaddoo jedhu qabaachuu isaan. Dhaaba rakkoo naannoo addunyaa keessaa qoratu ICGtti xiinxala dhimmi Itiyoopiyaa kan ta’an Will Davison app ergaa dabarsuun VOAf ibsaniiru.
Raayyaa ittisa biyyaa Federaalaa keessatti humnootii addaa ajajaa kan ta'an meejer Jeneraal Shumaa Abdataa raayyaan ittisaa iddoo hundumaatti bobba'ee hojjachuuf qaamii isa ittisuu hin jiru jechuu isaanii Muluugeetaa Atsebah Maqalee irraa gabaasee jira.
Kan dhimma kana keessaa harka qabu jedhaman walii galaan aangawoonni 54 to'annaa jala ooluu kan ibse bulchiinsii naannoo kanneen ajjeefaman 31 qofa ta'u maddeen nageenyaa nu mirkaneessanii jiru jechu isaanii Yanaataan Zabdiwoos gabaasee jira.
Haa ta’u malee qaamotiin hangi tokko har’as Itiyoopiyaan walii galtee haqa hin qabneef akka iseen jilbeenfattu gochuuf doorsiisaa kan jiran ta’u ibsi kun tuqee jira.
No media source currently available
Waajiira Izemaaf itti gaafatamaa kutaa hariiroo alaa kan ta'an Obbo Naatnaa'eel Fallaqee akka jedhanti mootummaan mirga bu'uraa kan yaada ofii ibsachuu fi mirga Demokraasii ka biroo irratti tarkaanfii akka fudhatuuf paartiin keenya hin fedhu jedhanii jiru.
No media source currently available
Mootummaan Sirnaa Filannoo Geggeessu Hin Jiru: Mootummaan Naannoo Tigraay Haalli Jiru Adeemsa Seeraan Raawwatame: Manne Maree Bakka Bu’otaa Manni maree bakka bu’oota wal ga’ii hatattamaa arfaffaa kan bara hojii waggaa shanaffaa geggeesseen filannoon biyyoolessaa ja’affaan akka geggeessamu murtin dabarse jarmayaan fayyaa addunyaa fi ministriin eegumsa fayyaa qajeelfama kaa’aniin koronaa ittisuu dhaan filannoo geggeessuun akka danda’amu murtii darbe raggaasisee jira. No media source currently available Dhimmi filannoo ilaalchisuu dhaan ejjennoo mootummaa naannoo Tigraay VOAf ibsa kan kennan itti gaafatamtuu waajjira kominikeeshinii naannoos sanaa aadde Liyaa Kaasaa murtiin sun sirrii miti jechuun mormaniiru. Filannoon sun geggeessamuun kan irra ture mootummaan filatame waggaa shan utuu hin guutini, haa ta’u malee hiika heeeraa jechuu dhaan, Filannoon sun dursee akka dheeratu ta’e jedhan. Kanaaf jecha mootummaan naannoo Tigraay seera qabeessummaa mootummaa ofii itti fufsiisuufi kan filannoo geggeesse jedhan. Amma filannoo geggeessuuf kan murtaa’eef filannoon naannoo Tigraay milkaa’inaan waan xumurameef akkasumas naannolee biyyattii garaagaraa keessatti uummati mootummaa irraan dhiibbaa waan geessiseef malee ol aantummaa uummataaf kabajaa kennuuf miti jedhan. Afaan yaa’iin mana maree bakka bu’oota uummataa obbo Taaggesee Caafoo yaadi ministrii eegumsa fayyaan dhiyaate of eeggannoo koronaa ittisuu gochuu dhaan sochii hawaasummaa, dinagdee fi siyaasaa geggeessuu dandeenya ka jedhu ta’uu VOAf ibsanii jiran. Yaada gorsaa kanas manni maree erga dhaggeeffatee booda murtii kennee jira jedhan. Mootummaan naannoo Tigraay murtii kana simachuu dhabuu isaa ilaalchisee obbo Taaggeseen ennaa dubbatan mana maree federeeshiniitiin yeroon aangoo kan dheereffameef waaltaalee heerri deggru kan sirnaa biyya qabdu biyyi kun jedhan.
Mootummaan naannoo Tigraay murtii kana simachuu dhabuu isaa ilaalchisee obbo Taaggeseen ennaa dubbatan mana maree federeeshiniitiin yeroon aangoo kan dheereffameef waaltaalee heerri deggru kan sirnaa biyya qabdu biyyi kun jedhan. No media source currently available
Itti gaafatamaan waajjira dhimmootii kominikeeshinii mootummaa naannoo Benishaangul Gumuz obbo Mellesee Beyyeenee, haleellaa sana humnootii farra nageenyaa fi shiftootatu raawwate jedhan jechuu dhaan Aster Misgaanaaw Baahir Daar irraa.
Filannoo Tigiraay kana irratti namoonni sagalee kennuuf galmaawan miliyoona lamaa fi kuma dhibba toorbaa fi jaatama tahuun beekamee jira, jechuun Mulugeetaa Atsibahaa Maqalee irraa gabaasee jira.
Gama kaaniin paartiin Raayyaa Raayyummaa, partii Demokratawaa Tigraay fi koreen eenyummaa walqaayit fi xagadee dhiittaa mirga namoomaa Tigraay keessatti dhaqqabu irratti murtiin hin kennamiin hafee jedhanii jiru Kanaafis deebi'anii mana maree Federeshiniif iyyata isaanii kan dhiyeessuuf jiran ta'u beeksiisan.
Maalaqnii kunis kunuunsa kennamuu jajjabeessuuf,laboraatorii qorannaa jajjabeesuuf,qorannaa foyyeesuuf,lammiwwan biyyatti sababa weerara vaayrasii koronaan rakkatanii nyaataa fi waan biraa dhabaniif kan oolu ta'uun ibsameera jechuun Mallaskachoo Ammahaa gabaasee jira,
No media source currently available
Haleellaan sun kan rawwatame kaleessa ta’uu ibsanii namoonni gocha kana raawwataman jedhamuun shakkaman to’annaa jala oolchuuf tattaaffiin godhamaa jiraachuu ibsaniiru jedha Mesfiin Arage Desee irraa.
Sagantaa jalqabbii Walisootti geggeessame kana irratti Preezdaantiin mootummaa naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaa dabalatee hoggannoonni ol’aanoon Oromiyaa fi naannoolee biroo argamaniiru.
Walii galteen akka hin jiraanne gabaasaaleen jiraatan iyyuu biyyoonni sadan marii itti fufanii jiru.
No media source currently available
Humnaan gudeeddii fi hokkarri saalaa shamarranii fi dubartoota irra ga'u hammaatuus ibsee jira Yuniiseef.
Gabaasaa guutuu caqasaa No media source currently available
Ibsi embasii Ameerikaa kan Finfinnee jiruun ba’e akka jedhutti walii galteen sun uummati Ameerikaa jajjabina Itiyoophiyaaf investii gochuuf cicha inni qabu cimsee yaadachiisee jira jedha Meleskachoo Ammahaa Finfinnee irraa.
Sababaa Jabuutii keessatti dhukkubii Kooviid dabalaa jiruuf jecha shofeeronni kokolaataa fe'umsaa gara Tigraayti dhufan ituu hin seeniin dura shofeera biraatti kokolaaticha kennuu qabu jechuun bulchiinsii naannoo sanaa ugguura ka'ee.
Gabaasaa guutuu caqasaa No media source currently available
Jedha Mesfin arage desse irraa
Dhimma hidhamtootaa iaalchisee angawoota federaalaa sadarkaa ol aanaa biraa deebii argachuuf yaaliin irra deddeebi’uun godhe hin milkoofne jedha Mulugeta Atsbeha Mekele irraa.
Muummichi ministeeraa Abiyii fi ministriin dhimma alaa Ameerikaa barbaachisummaa hariiroo Ameerikaa fi Itiyoophiyaa akkasumas biyyoonni lamaan wal ta’uun kan irra jiraatu dhimmootii ijoo kan naanoo irrattis mari’achuu isaanii ibsi dubbi himaa ministeerichaa kun itti dabaluun beeksisee jira.
Gama biraatiin magaalattii keessa deddeebi’uun dadammaqiinsa kennaa kan turan kantiibaan magalattii obbo Xiraatuu Beyeyne gabaa irra uggurri kaa’amus sochiin uummataa amma iyyuu sadarkaa yaaddessaa irra kan jiru ta’uu ibsaniiru.
Kanas kan ibsan hogganaa waajiira nageenyaa fi bulchiinsa Tigraay Ta'u Mulugeetaa Atsebahaa gabaasee jira.
Namoonni irra hedduun vaayiresiin kun keessatti argame biyyoota adda addaatti imalanii kan deebi’an yoo ta’u kanneen keessaa 12 Dubaayi irraa deebi’an.
Kanaaf, boordichi dhimma isaa gara Paarlaamaa biyyattiitti ka dabarse yoo tahu, Paarlaamaan immoo haala itti seera-qabeessummaa mootummaa amma taayitaa irra jiruu dheeressuu danda’u irratti dubbata – jedha, gabaasaan VOA – Melleskaachew Ammahaa, Finfinnee irraa.
Institiutiin fayyaa hawaasaa fi miisteerri fayyaa akka ibsanitti hanga ammaatti raga argameen lakkoobsi namoota Itiyoophiyaa keessaa vaayiresii koronaan qabamanii 23 ga’ee jira.
Angawoonni magaalatti akka jedhanti uummanni rakkoon akka jiru ituu beekuu of-gowwomsuuf yaaluun yaaddeessaa akka ta'e ibsan.
Guyyoota hanga tokko dura naannoo Amaaraa keessaa vaayiresiin kun keessatti argame jedhamuun kan shakkaman namoota ja’a keessaa 4 walaba ta’uu lama immoo ba’ii isaa eegaa kan jiru t’u waajjirri eegumsa fayyaa naannoo sanaa beeksisee ture, kaleessa ibsa kenname irratti lamaanuu walaba ta’uun ibsameera.
Chaayinaa keessaa hanga ammaatti lakkoobsi namoota du’anii 3248 ga'ee jira.
No media source currently available
Miseensota isaa gameeyyiifis badhaasa kennee jira.
Malii amma jiru nafa ufi qulqulleessanii yoo waan ufi shakkan qabaatan akimii dhaquu qofa.
Kanneen keessaa 3 barattoota Yunivarsitii seenuu qabxii isaan dandeesisuu kanneen argatan ta’u Aster Misgaanaaw Baahir Daar irraa gabaastee jirti.
No media source currently available
Badhaasii kun Abiy Ahmed nagaa buusuuf keessattu wal dhaba Itoophiyaa fi Eertiraa nagan faluuf waan innii itti dadhabe agarsisa jedha, USAID.
Bulchiinsii naannoos dursee nagaa argamsisuuf qiyyaafatee hojjataa akka ture ibsamee jira.
Dhaaba sana oolchuuf jecha hooggana jiru diiguu dhaan gumii hanga waamuutti haaromsi geggeessamuu kan danda’u ta’uu illee aadde Mufriyaat beeksisaniiru jedha Yonatan Zebdwoos Hawaasaa irraa.
Ibsa Guutuu Caqasaa No media source currently available
“Wannii kalee,hardhaa fi guyyaa dheenaddaa waan komaandi poostii namatti yaamsisaatii miti.Adoo silaa waraanii mootummaa ummata Sidaamdaa karuma nagaatiin wa gaafate tuquu baatee rakkoon tun hin dhuftu.Lafa amma nagaa tahuutti jiru kana waraanaan bulchina jechuun seera malee.” Naannoon Kibba haga yoomii hajaja waraanaa jala akka ammatti wannii beekamte hin jirtu.
Hojii hidhannoo seeraan alaa hikkachisuu kana itti gaafatama fudhatee kan gaggeessu polisii addaa kan bulchiinsa naannoo ta’u ibsamee jira.
No media source currently available
Ajjechaa Baahir Daar fi Finfinnee keessatti dhaqqabe sana booda hogganni Aabiin Amaara ta’an kanneen Oromiyaa keessa jiraatan 200 ol hidhamuu Aabiin beeksisee jira.
No media source currently available
Abbaan alangaa kan dhiyeesse gaaffii eegumsa namoota ragaa ba’anii, ilaalchisee ibsa akka kennu manni murtii ajajee jira.
Maallaqnii inni hafee mootummaa Fedeeraalaa fi jaarmayoota gargaarsaa wajjiin wal ta’uun baasuuf karoorfachuu Addis Chakol gabaasee jira.
No media source currently available
Magaalaan Aksuum daawattoota kan hawattu waan taateef misoomni bu’uuraa gutamuufiin akka irra jiraatus gaafataniiru.\n\nSirna federaalaa fi heera biyyaa hojii irra oolchuu dhaaf ilaalchi kennamuufii qaba jechuu dhaan jiraattonni kun ennaa marii sanaa gaafataniiru.\n\nFilannoo dhufaa jiru ilaalchisee hagam amansiisaa dha kan jedhuun fi naannolee hanga tokko keessaa nageenyi dhabamuun wal qabatee gaaffilee hedduu kaasaniiru.\n\nMuummichi ministeerichaas deebii kennaniin rakkoon bishaanii kan magaalattii mootummaa naannoon deebii akka argatu tuqanii, mootummaan Federaalaa deggersa akka godhu dubbataniiru.
Gareen daawwattoota Ameerikaa irraa ka’u kun qaamotiin adda addaa mormii dhiyeessu iyyuu karoora daawwannaaf qabu kan hin jijjiirre ta’uu
No media source currently available
Warrii hidhame kunillee abukaatoo ykn nama jara kana seeraan gargaaru barbaadatee akka dhiyeeffatuu fi nama jarii dhiyeeffatullee akka nagaa isaaniillee eegan hajaje.
No media source currently available
Yoo balleessine ni gaafatamna kanneen biros yoo balleessan ni gaafanna jedhan.Mariin marsaa 6n gaggeeffame Kana irraa waan argame hojii irra kan oolana ta’u kan ibsamee yoo ta’u Roobii borii waltajjii walii gala akka jiraatu ibsamee jira.
No media source currently available
Gama kaaniin walgahii kaampaaniin Bo’iing Amerikaa keessatti waame irratti daandiin balalii Itiyoophiyaa kan hin hirmaanne ta’u dubbi himaa waajirichaa kan ta’an Obbo Asraat Bagaashaaw RoytarsiiF bilbilaan ibsanii jiru.Boo’iing akka jedhutti lakkobsaan 200 kan caalan balalistoota, hogganoota hojii teknikaa fi to’attootaaf Robii fullee keenyaa xayyaara 737 MAX kan ilaaleen odeeffannoo kennuuf jira.y
Hogganoonni sadeen dhimmootii Dinagdee, Nagaa fi Nageenyaa akkasumas misooma bu’uraa irratti walii wajjiin hojjachuuf walii galanii jiru.
Yeroo ammaa garu suraa ofii dhabee balaaf saaxilamee waan jiruuf qaamnii dhimmi kun isa ilaallatu waa gochuu qaba jedhu daw’attonni.
Mana murtii dubbi tana Gurrandhalaa 1,2011 qaban.
No media source currently available
Benishaanuul Aanaa Kamashii Keessa Amma Iyyuu Sodaa Nageenyaatu Jira Jedhu Jiraattonni Naannoo Beenishangul Gumuz keessatti torbanneen darban keessa walitti bu’iinsa uumameen lubbuun namaa darbuu fi hedduun qe’ee irraa buqqa’uu isaanii gabaasuun keenya ni yaadatama. Kanneen naannoo sana keessaa baqatanii ba’uuf carraa argatan godina walggaa bahaa fi dhiyaa bakka garaagaraa qubatanii kan jiran yoo ta’u kaan immoo amma iyyuu Beenishangul naannoo Kamashii keessatti danqamanii lubbuu keenyaaf sodaataa jirraa jedhu. Bulchiinsi naannoo Benishangul immoo Yeroo ammaa haalli jiru wayyaaweera. Tasgabbiin uumamaa jira. Fooya’inatu jira. Walitti bu’iinsa uumame ilaalchisee odeeffannoo nu dhaqqabaa jiru hin jiru. Kan buq’aa jiru hin jiru. Qabeenyaan barbadaa’es hin jiru. Namoonni qe’ee ofii irraa baqatanis deebi’aa jiru. Naannoon sun amma tasgabbii qaba jedhan. Gama biraan naannoo Beenishangul gumus keessatti shaakala waraanaa seeraan alaa fudhataa kanneen turan dargaggoonni naannoo Sanaa jiraachuu itti gaafatamaan waajjira qindeessa dhimmoota nageenya Benishangul Gumuz obbo Musaa Ahimed Raadiyoo sagalee Ameerikaaf ibsaniiru. Obbo Musaan akka jedhanitti bakki leenjii sun kan ijaarame naannoo sana gama kibbaa fi gama kaabaa naannolee daangaa Sudaan irratti kan argamu Asoosaa ganda Gangan jedhamu laga Zaalaan jedhamu bosona keessatti ta’uu dubbatanii, manneen 100 ta’an ijaaramanii leenjiin keessatti kennamaa ture jedhan. Mootummaanis odeeffannoo isa ga’een duula geggeesseen dargaggoota sana to’annaa jala oolchuu isaa fi leenjii sana irratti kanneen hirmaatan umuriin isaanii xiqqoo akka ta’e obbo Musaan ibsaniiru. Meeshaan waraanaa qabamuu isaa fi leenjii sana kan fudhatan haala qindaa’eef tajaajila fayyaa guutuu argataa kan turan ta’uu leenjifamtoonni sun ibsaniiru jedhan.
Meeshaan waraanaa qabamuu isaa fi leenjii sana kan fudhatan haala qindaa’eef tajaajila fayyaa guutuu argataa kan turan ta’uu leenjifamtoonni sun ibsaniiru jedhan. bakki leenjjii sun guutummaan barbadaa’uu isaas ibsaniiru. No media source currently available
Daandileen daangaa banamuu jalqaban gama daangaa kaanittis akka banamuuf jiran prez Isaayaas dubbatanii jiru.Bakka buutoonni gara Ertraatti imalan kun prezidaant Isaayaas Afawarqii fi gorsaa isaanii Yemane Gebre abiif kennaa badhaasanii jiru.
No media source currently available
Obbo Barakat Simoon fi Obboo Taaddasaa Kaassa Koree Eddu Galaa Dhaabbata Dimookiraatawaa Biyyoolessaa Amaaraa Keessaa Ittifaman Obbo Barakatii fi Obboo Taaddasaan ilaalcha amma qabaniin fedhii fi dantaa uummata Amaaraa akka in eegsisne waan mirkanaaheef akkasumas koorporeetii xirat jedhamu irratti badii waan hojjataniif amma yaa’ii itti aanutti koree eddu galaa Dhabbata Dimookiraatawaa Biyyoolessaa Amaaraa keessa ittifamuu odeeffannoon dhaabicha irraa argame ibseera.
Guyyaa awwaalaallee ammatti waan mirkanaa hin qamnu
Waa’ee gabaasaa kanaa kan ibsa kennan duubbi-himaan IOM – Joel Milman, aanaalee godinaa Gujii rakkoon kun mudate jaha keessaa, jaarmayaan isaanii – sababaa rakkoo nageenyaaf jecha afur qofa daawwachuu danda’e – jedhanii, godinaalee lameen keessatti rakkoo sana qorachuun kan itti fufu tahuu dubbatan.
"Jijjiiramii kun wareegama Oromootiin dhufe moggaaatti ufi baafnee ilaaluu mannaa wareegama itti kaffalamne kanaaf qooda keessa qamna.Waan kana balaaleffachuu mannaa jabeessuu wayya.” Aaddee Brihgaaneen “jijjiirama barbaannu bira gahuuf carraa argametti fayyadamnee dirqamaa fi qooda keessaa qabaacuu qamna,” jetti.
HRW gabaasa isaa kana maxxansuu sa’aatilee hanga tokko dura abbaan alangaa muummichi Irtiyoophiyaa Birhaanuu Tsaggaayee hoogganoonni manneen hidhaa martinuu itt igaafatama isaanii ba’uu dhabuu fi mirga hidhamtootaa eeguu dhabuu isaaniin hojii irraa ari’amuu TV Faanaa gabaase.
No media source currently available
Harra Sagantaa Yaadannnoo Guyyaa Baqattootaa Keeniyaa Naayiroobiitti qophaaye irratti, baqattoonni hedduun ka hirmaatan yoo tahu, isaanis ‘Addunyaan baqataarraa fuula garagalfatteettii hedduun baqataas abdii malee jiraataa jira’ jechuun dubbatan.
Ibsi adda bilisummaa uummata Tigraay biraa ba’eef amma nu dhaqqabe murtii uummati hin amanne hojii irra hin oolu jechuu isaa beeksisee jira.
No media source currently available
Galmoo Daawit gabaasa dabalataa qaba No media source currently available
Abbaa Duulaa Gammadaa Aangoo Gad Dhiisuuf Gaafatan Akkuma baratame miseensonni mana maree bakka bu’otaa fi mana maree federeeshinii hojii isaanii kan bara 2010 wal ga’ii gamtaan geggeessan jalqabaniiru. Afaan yaa’ii kan ta’an Abbaa Duulaa Gammadaas wal ga’ii isaanii xumuraa ta’uu wal ga’ii danda’u kana gita isaanii kan mana maree federeeshiniii obbo Yaleew Abaatee waliin ta’uu dhaan geggeessan. Wal ga’iin sun kan jalqabame Oromiyaa fi naannoo daangaa Somaalee Itiyoophiyaa irratti walitti bu’iinsa uumameen lammiiwwan lubbuu dhaban yaadachuuf kadhaa yaadaa fi qalbii gochuun ture. Wal ga’icha haasaan kan banan prezidaant Mulaatu Tashoomee waa’ee walitti bu’iinsa kanaa kaasuun dubbataniiru. Mootummaan nagaa eegisisuu irra darbee kanneen badii dalagan murtiitti dhiyeessuuf hojjetaa jira jedhan. Haala isaa bakka duriitti deebisuu akkasumas lammiiwwan qe’ee ofii irraa buqa’an deebisuu qubsiisuuf jaarsoliin biyyaa naannolee lamaanii, hoogganoonni aadaa, abbooni amantii dargaggoonni, dubartoonnii fi uummati naannoo lamaanii furmaata barbaaduuf mootummaa cina akka dhaabatan prezidaantichi waamicha dabarsaniiru. Haasaan prezidaantichaa garuu irra jireessa kan fuuleffate dhimootii dinagdee irratti. Dinagdeen hongee bara 2009 mudate irraa dandammachuu isaaf waggaa darbe guddinni guddaan galmeessamuu isaa ibsan. Wal ga’iin har’aa kan geggeessame nama siyaasaa paartii biyya bulchuu angafa kan ta’an Abbaa Duulaa Gammadaa borumtaa isaan itti gaafatama afaan yaa’ii mootummaa ta’anii itti fufuuf fedha akka hin qabaanne beeksisaniitti ture. Afaan yaa’ii kun itti gaafatama sana gad dhiisuuf xalayaa galfachuu isaanii kan midiyaalee hawaasaa adda addaan gabaasamaa ture kan mirkaneessan Dilbata kaleessaa ture. Itti gaafatama irra akkan hin turre sababaaleen godhan jiru.
Itti gaafatama irra akkan hin turre sababaaleen godhan jiru. Fedha isaas hin qabu jedhan Abbaan Duulaa. No media source currently available
No media source currently available
Jermeniin kalee fi guyyaa dheengaddaa dorgommii kubbaa miilaa addunyaa gurgurdoo lama moote Jermeniin dhiyoo tana hinuma miirressite,marroo tokko dorogmmi kubbaa miilaa addunyaa lama moote. Guyyaa deengaddaa dorgommii kubbaa miilaa ijoollee Awurooppaa ganna 21 gadii, UEFA 21 fi kalee ammoo Confederation CUP 2017 mootee qabaadhatte. Biyya 12tti Waxabajjii 16-30 magaalaa Polaandi 6tti taphachaa bahee goolii 60 galee marroo 19 taphatan. Jermeniin Ispeeniin walti martee 1-0 mootee waancaa fudhatte.Jermeniin tana waliin marroo lama shaampiyoonaa taate. Gama kaaniin ammoo Jermeniin dorgommii Confederation Cup 2017 irralleetti Chiilee 1-0 mootee waancaa fudhatte. Confederation cup,waancaa kubbaa miilaa biyyootii dorgommii kubbaa miilaa ardii isaanii moo’an walti maran. Jermeniin dorgommii FIFA2014 waan mooteef itti dabalamte Raashiyaa ammoo waan dorgommii baranaa qopheessiteef keessa jirti. Afrikaa keessaa Kaamerunitti keessa jira. Isii marsaa lammeessootti keessaa baasan.Jermeniin Kaameruun 3-1 dhukkeessite,Chiileelleen 2-1 irraa galchitee Austilraiayaan 1-1 gargar galtee qabxii dhabdee dorgommii keessaa galte. Goolii Jermeniin Chiileen mootee tana dogoggora taphataan Chiilee Marcelo Diaz hojjateen kubbaa taphataa Jermenii Lars Stindl afaan buutee biruma ejjee tumate. Kubbaa taphtaootii Chiilee ka akka Arturo Vidal fi Angelo Sagal faati sibiilaa goolii gubbaa babarrisaa yaate. Taphataan Jermenii beekamaan Timo Werner tapahtaa Chiltee Gonzalo Jara ciqileen tumatee sun silaa waan tapha keessaa nama baasisaa tolchullee gorsumaan bira dabaran. Jermeniin ammallee dorgommii waancaa kubbaa miilaa addunyaatiif qophii jirti.
Taatullee taphattoota isii bebeekamoo ganna sadiin duratti Riyoo Biraazli Arjentiinaa moo'ataniif ka akka namicha goolii eeguuf Manuel Neuer, namicha jidduu taphatuuf Mesut Ozil fi Toni Kroos,Thomas Muller faatii amma keessa hin jiraniif. Leenjsiaan kubbaa miilaa Jermenii Julian Draxler akkana jedha. "Akka dansaa lollee tanumatti nuu male.Jara kana duraan waliin hin taphannee tunilleen nu gargaarte jedha. Keessattuu ijoollee kahimaa tana waliin moohachuu waan jilba nama jabeessaati.Amma qalbii tokkoon boqonnaa baana," jedha. Leenjisaan Chiilee Claudio Bravo ammoo moohachuu dhabuun garaa nu nyaattullee biyya addunyaattu beekamtu waliin taphannee waan wallaalle hedduullee irraa barannee jedhe. Atileetiksi Atileetoti addunyaa Shaampiyoonaa Addunyaatiif Londonitti walti qophahauutti jiranii Itoophiyaan dorgommii tanaaf atileetota 50 caalaa qopheeffatte. Dorgommii atileetoti 3000 caalaan itti dhufan tun Adoolessa 4-13,2017 Londonitti qopheessan. Dorgommii tana London naannoo Tower Bridge jalqabanii laga Thaames irraan deebihanii,karaa mana amantii kaaatolikii St.Paul Katediraal irraan qaxxaamuranii Paarlaamaa biyya sunii jalaan deebi’anii, mamratoo karaa km 43 irra maranii warrii jalaa haharca'e jalaa hafee koromtoon rekordii haaraa argachuuf,biyyaa fi ufii maqaa yaamuuf fulaa itti jalqaban,Tower Bridge-deebi’an. Akka leenjisaan Useen Boolti jedhetti Itoophiyaan dorgommii metirii 5,000 fi 10,000 nama 12 kopheeffattee 6 dhiiraa 6 ammo dubra. Atileetotii tun hagii tokko ijoollee ka’imaa guddachaa dhufanii hagii tokko ammoo jaruma duruu beekan. Atileetiin tokkoo dorgomii gugurdoo addunyaa ta akkanaa irratti dorgomuuf akka jecha Useen jedhutti leenjii haga km 600-700 fiiguu fa dandaha.
Atileetiin tokkoo dorgomii gugurdoo addunyaa ta akkanaa irratti dorgomuuf akka jecha Useen jedhutti leenjii haga km 600-700 fiiguu fa dandaha. Tana ammoo guyyaattii saatii saatiin ciranii akkuma nafii isaa dandahutti, akkuma nyaata nafii isaa fudhatuu,qilleensaa naannootii fi waan akka akkaa laalanii saatii fi guyyaa guyyaan ciranii leenjisan.
Kana cuqaasuun gabaasaa guutuu dhaggeeffadhaa No media source currently available
Dubbi himaan kun akka jedhanitti yeroo ammaa dhukkubi kun zooniiwwan sadii keessaa aanaalee hanga tokko keessatti mul’ata, kanaaf zooniiwwan ja’a keessa kan tura waaltaaleen wal’aansa kennan amma hojii dhaabaniiru jedhan.
Mootummaa fi Qaamonni Addunyaa Rakkoo Caamaa Hamaa Bulchiinsa Naannoo Somaalee Mudate Irraa Uummata Oolchuuf Carraaqaa Jiran Bulciinsa Naannoo Somaalee keessatti rakkoo caamaa hamaa mudateen uummata miidhame gargaaruuf, mootummaan Federaalaa ka biyyoolessaa, akkasumas, qaamonni sadarlaa Addunyaa hojii hedduu akka hojjetaa jiran, Prezidaantiin bulchiisan naannoo sanaa beeksianii jiran. Bulchiinsa naannoo Somaalee, godinaa Kirihee, aanaa Kutumbur keessatti ka gabaasaan keenya – Eskindir Firew haasosiise, Abdullaahii Kaliif, caama naannawa sanatti dhufe irraa kan ka’e – beeyiladoota qaban keessaa irra-hedduu dhabuu isaanii dubbatu. Gaalota dhibba tokkoo fi re’ee dhibba lamaa shantama keessaa irra-jireessi jalaa dhumuu gabaasaa VOAf ibsan. Seenaan maanguddoo kanaa, keessumaa godinaalee Korihee, Doolloo fi Jerer keessatti, caamani dhufe miidhaa hagamii akka geessisaa jiru kan agarsiisu – fakkeenya tokko. Jiraattoonni ka biroon hedduun, xiqqaa haga kanaa irraa haga guddaatti beeyladoota isaanii dhabanii jiran. Karawwan adda addaa bitaa fi mirgatti waa dhabamuu bishaanii ibsi kennamaa jiruu fi mukeen goggogan gidduutti beeyladootni du’anii mul’atan hammeenya caamichaa mul’isan. Caama haarawa dhufe kanaa booda, baatii Sadaasaa dabre, mootummaa Itiyoophiyaa fi waahiloota isaatiin kan ifatti beeksisame – galmee ittiin gargaarsa namoomaa gaafatan “HRD” jedhamu irratti akka ibsametti, lammiwwan Itiayoophiyaa miliyoona shanii fi kuma dhibba ja’a ta’an tu gargaarsa namoomaa barbaada. Lakkoobsa kana keessaa kanneen miliyoona tokkoo fi kuma dhibba toorba ta’an immoo, bulchiinsa naannoo Somaalee, kan Itiyoophiyaa keessatti argman. Naannoo uummatni isaa irra-jireessi, horsiisee-bulaa bakka tokko irraa gara biraatti godaanee jiraatu keessatti, namoota gargaaramuu qaban bakka tokkotti dhaqqabuun rakkisaa dha.
Naannoo uummatni isaa irra-jireessi, horsiisee-bulaa bakka tokko irraa gara biraatti godaanee jiraatu keessatti, namoota gargaaramuu qaban bakka tokkotti dhaqqabuun rakkisaa dha. Mootummaan bulchiinsa naannoo Somnaalee, bakkawwan bishaanii fi nyaatni itti raabsaman, ka yeroo tahu qoopheessuudhaan ka gargaaraa jiru ta’uu ibsee jira. Ka duraan dubbatan – Abdullaahii Kaliifaa, kanneen bakkawwan gargaarsaa akkanaa jiran keessaa gabaasaa keenyatti dubbatan. Hojiin gargaarsa akkanaa, eega caamni naannoo sanatti uumame irraa jalqabee ka geggeessamaa ture ta’uu – Prezidaantiin bulchiinsa naannoo Somaalee – Abdii Mohammed Omaar, gabaasaa VOA-f ibssanii jiru. Caama sana dandamachiisuu fi gargaaramtoota dhaqqabuuf carraaqqiin godhamu, arjoomtota adda addaatiin ka deggeramaa jiru ta’uu dubbatan – Prezidaantiin Naannoo Somaalee kun. Gargaartota kana keessaa tokko Yunaayitid Isteetsi. Itiyoophiyaatti, hoji-raaw’achiisaan Embaasii Yunaayitid Isteets – Piiter Bruumaan akka jedhanitti, gargaarsi barbaachisu hagam akka tahe eega ifatti beekamee as, biyyi isaanii gargaarsawwan adda addaa ka gochaa jirtu ta’uu ibsanii jiran. Bakka Ambaasaddaraa banaa tahe bakka-bu’uun kan hojjetaa jiran – hoji raaw’achiisaa Embaasichaa - Piiter Bruumaan dabalee, waajira Embaasicha Ameerikaa Finfinnee jiru fi Dhaabbata Gargaarsa Misoomaa Yunaayitid Isteets irraa kanneen walitti-dhufan – gurmuun hoogganota hojii, gidduu kana bulchiinsa naannoo Somaalee daawwatanii turan. Kan Waashingtanii dhufanii fi gurmuu kana waliin gara bulchiinsa naannoo Somaaleetti imalan – gorsaan Dhaabbata Gargaarsa Misoomaa Sadarkaa Addunyaa Yunaayitid Isteets – Toomaas Stool, caamni ammaa kun, ka waggoota xiqqoo dura naannoo sana mudatee ture caalaa hamaa ta’uu hubachiisanii jiran. Kana cuqaasuun guutmmaa gabaasaa kanaa caqasaa No media source currently available
Itoophiyaatti ji’a hedduu asitti namii hiriira bahee rakkoo himachumatti jiraa nama hedduutti lubbuu dhabe.
No media source currently available
Ajjeechaan lammile biyyattiirratti dhaqqabaa jiru ha dhaabbatu jechaan ogeessonni seeraa Keeniyaatti hiriira mormii gaggeessan Ogeeyyiin Seraa fi Qaamoleen mirga dhala namaaaf falman ajjeefamuu Ogeessa seeraa keeniyaa torbeen dura ajjeefame ilaalchisuun hiriira mormii Naayoroobiitti gaggeessan. Hiriira mormii harra tahe kana irratti namooti dhibbaan lakkaawaman irratti ka argamni yoo tahu, mootummaan gochaa ajjeechaa lammilee biyyattii irra gahaa jiru dhaabuu hin dandeenyee jechuun komii qaban himatataniiru. Abukaatoon maqaan isaa Wiilii Kiimaanii jedhamu torbeedhaan dura utuu yakka miseensonni humna poolisii raawwataniiru jedhame hordofuu shofeera taaksii isaa fi maammila isaa fuudhee deemaa turee waliin ajjeefamee dooniyyaan gatamee argame. Ji’a caamsa darbes daldalaa beekamaan biyyattii Jaakoob Juumaa jedhamu lafa hojii isaatii utuu gara manaa deemuu konkolaataa keessatti hidhattoota hinbeekamneen ajjeefamee ka ture yoo tahu, poolisiin Keeniyaa nama yakka kana raawwate qorataan jira jedhus haga yoonaa garuu namni ajjeechaa kana dugda duuba jiru hin baramne. Haata’uyyuu malee jaakoob Jumaan utuu hin ajjeefamin dura fuula twitter isaa gubbaatti ‘waa’een na ajjeesuu waajjira Itti aanaa pirezidentii Wiiliyaam Ruuttootti mariyataamuu dhagayeera’jechuun barreessee ture. Dhimma kana ilaalchisuun Televizhiniin biyyattii tokko Wiiliyaam Ruuttoodhaaf gaaffii kana ka kaaseefii ture yoo tahu, ‘Ruuttoon garuu himannaa kana haalaniiru. Yakki nama ukkaamsaan fuudhanii dhoksuu, akkasumas ajjeesuu shofeerota Taaksii fi Mootorsaaykilii ka rakkisaa jiru tahuu, bakka bu’aan isaanii joon Mushoorii ni dubbata. Joon akka jedhuttii, yakka nurratti raawwatu yeroo hedduu poolisiif himnus, poolisiin qorannaa dhiisee dubbii shofeerotatti garagalchuun nuyakka. Ammallee shofeerri taaksii ajjeefame kuni silaa qaamota isa tiksuu qabantu, itti gara galee isa galaafate jechuun yaada isaa kenneera.
Ammallee shofeerri taaksii ajjeefame kuni silaa qaamota isa tiksuu qabantu, itti gara galee isa galaafate jechuun yaada isaa kenneera. Ogeessi seeraa ajjeefamee dooniyaan gatame Wiilii Kimeenii abbaa ijoollee lamaa yoo tahu, maatiin isaas hiriira kana irratti argamanii jiru, Waajjirri Wiiliin hojjetuuf International Justice Mission yakka poolisoonni hojjetan dhaabbata hordofu yoo tahu, Keeniyaatti bakka bu’aa dhaabbatichaa ka tahan jeemsi Kiiroogii poolisiin himannaa isarra jiru lammilee yakka hin qabnetti naannessuu haa dhaabu jedhan. Ajjeechaa Ogeessa seeraa kanaafi namoota lameen kaanii ilaalchisuun poolisiin Keeniyaa miseensota poolisii lama ka to’annoo jela oolche yoo tahu, mana murtiitti isaan dhiyeessuufis beellama torbee lamaa qabatee jira. No media source currently available
Wal-dhibdee Waa’ee Ijaarsa Manneen Jireenyaa Irraa Jiraattotaa fi Humnoota Mootummaa Gidduutti Walitti-bu’insa Uumameen Lubbuun Namaa Dhabame Naannoo Finfinnee bakka Nifaas Silk Laaftoo jedhamu keessa kanneen jiraatan mootummaan mana nu irratti diiguuf humnoota isaa nutti bobbaase jechuun himata. Himannaa dhaaf gara qaama mootummaatti uummati imalee utuu jiruu jala deebi’uu dhaan mana isaa irratti dhiiguu jalqaban jedhu jiraattonni kun. Mana kana hanga waggoota 40 fi isaa oliif kanneen irra jiraatan waan jiraniif maanguddoonni hedduun illee naannoo kana keessa jiraachuu dubbatu. Haa ta’u malee bulchiinsi naannoo wal ga’ii nu waamuu dhaan kana dura bara 1997 ennaa filannoon geggeessametti lafa keessan kan seeraa isiniif taasisna nu filadhaa waan jedhaniif nutis shakkii tokko malee guutummaan sagalee kennineef. Sana booda garuu waadaa isaanii diiguu dhaan afaanuma lafa keessan seeraan galmeessina nuun jedhaniin amma garuu yoo feetan lagatti yoo feetanis bakka feetan dhaqaa nuun jechuun manni akka nu irratti diigamu nutti hiaman jedhan jiraatonni naannoo Laaftoo. Uummatichis manni isaa duraa diigamuu ennaa argutti aarii dhaan ofi ittisuu jalqabe. Walitti bu’iinsa uumameen poolisii fi bulchaan aanaa Sanaa dua’uu ibsaniiru. Uummatatti qabanii dhukaasaa waan turaniif uummati gara laga guddaa naannoo sana jiru Qarsaa jedhamuutti baqatee kan achi keessatti nam’e illee waan jiruuf namoonni hedduun dhumuu malu jedhan. Mootummaan Itiyoopiyaas gama isaan ibsa kenneen naannoo Nifaas Silk Laaftoo jedhamu keessaa namoota gocha seeraan alaa raawwatan to’annaa jala oolchuuf yaaliin godhamaa jira jedhe. Magaalaa Finfinnee bakka Nifaas Silk Laaftoo jedhamuu fi Haannaa Maariyaam jedhamuun beekamu keessatti jedha ibsichi ijaarsa seeraan alaa seera qabsiisuuf sochii taasisameen kanneen seeraa ala sosso’an haleellaa geessisaniin miseensonni poolisii lamaa fi miseensi hoji raawwachiistuu aanaa Sanaa du’aniiru jechuu dhaan waajjirri kominikeeshinii mootummaa beeksisee jira.
Magaalaa Finfinnee bakka Nifaas Silk Laaftoo jedhamuu fi Haannaa Maariyaam jedhamuun beekamu keessatti jedha ibsichi ijaarsa seeraan alaa seera qabsiisuuf sochii taasisameen kanneen seeraa ala sosso’an haleellaa geessisaniin miseensonni poolisii lamaa fi miseensi hoji raawwachiistuu aanaa Sanaa du’aniiru jechuu dhaan waajjirri kominikeeshinii mootummaa beeksisee jira. Qaamotii gocha seeraan alaa raawwatan kana to’annaa jala oolchuuf komiishinni poolisii Federaalaa fi komiishinni Poolisii Finfinnee hawaasicha waliin ta’uu dhaan gocha kanneen seeraan ala ta’an kanaa guutummaatti to’annaa jala oolchuuf sochii gochaa kan jiru ta'uu beeksisee jira. No media source currently available
No media source currently available
Itiyoopiyaa fi Eertiraan naannoo sana keessatti sababtiinsii fi nagaan waarinsa qabu akka bu’u waliin akka hojjetan illee mootummaan Yunaayitid yaadachiiseera jedha ibsichi.
Kilinton Kaadhimama Prezidaantummaa Injifatte Iyyuu Dorgommii Cimaa tu Ishee Eeggata Baatiilee hedduudhaaf eega dura-dhaabannaan jabaan dimookiraaticha ka biraa – Berbnii Saanders irraa ishee mudatee booda, Hilarii Kilinten, kaleessa halkan, dorgommii kaadhimama prezidaantummaa akka injifattee fi dimookiraatota bakka-buuteetti of labsite. “Galatni isiniif haa tahu, kunoo injifannoo guddaa hunde-qabeessa irra geenyee jirra. Yeroo jalqabaatiif, seenaa biyya keenyaa keessatti dubartiin paartii guddaa tokko bakka-buutee prezidaantummaa Yunaayitid Isteetsiif dorgomuuf jirti.” Jette. Paartii ishee keessaa kan isheen dorgomaa ture - kan “sooshaalistii dimookiraatawaa” ofiin jedhuu fi wal-caalmaa galii dhabamsiisuu fi eegumsa fayyaa nama hunda dhaqqabsiisuuf akka qabsaa’u dubbachuu isaatiin lammiwwan miliyoona hedduu, keessumaa dargoggota Ameerikaa of duukaa hiriirse – Saandersiinis galateeffattee jirti – Kilinton. Dhimmoonni inni wal-falmii irratti fi duula filannoo irratti kaase Paartii isaanii fi Ameerikaaf gaarii ta’uu dubbatte. Garuu, Kilinteen injifannoo seena-qabeessa kana labsatte iyyuu, Saanders ammaa illee akka isheen dorgomuu itti fufu beeksisee jira. Waa’ee injifannoo kilinton kana ilaalchisee --- kutaa Ilinoy, aanaa Vermiliyeen keessaa, dame eegumsa fayyaqa keessaa kan hojjettu – ogeettii siyaasaa fi bulchinsaa - durbee Seenaa Jimjimoo haasofsiiseen jira. Seenaan , digirii ishee tokkoffaaf – saayinsii siyaasaa, digirii ishee lammataaf immoo bulchiisa uummataa fi fayyaa uummataa baratte. Gama hawaasa Oromootiin immoo, falmaa mirga Oromootti hirmaachuu irra tartee, daarektora ol’aantuu hawaasa Oromoo Chikaagoo turte. Siyaasa Ameerikaa keessatti illee muuxannoo qabdi – seenaan.
Siyaasa Ameerikaa keessatti illee muuxannoo qabdi – seenaan. No media source currently available
Tarkaanfii Humnaa Mootummaan Oromiyaa Keessatti Fudhateef Kan Gaafatame hin Jiru: Gamtaa Medirek Gamtaan mormitootaa Medrek xumura torban darbee kan geggeessee fi bulchiinsa isaa kan itti filate gumiin walii galaa sochii Oromiyaa booda isa jalqabaa ture. Gumiin walii galaa 12ffaan kun haala biyyattii keessaa fi sochii dhaabichaa ilaalchisee marii bal’aa kan geggeesse ta’uu ibsi ejjennoo dhuma irratti ba’e beeksisee jira. Qabxii ka’an keessaa tokko yeroo sochii Oromiyaa keessaa tarkaanfii humnaa mootummaan fudhate ta’uun ibsameera. Itti aanaa dura taa’aa fi itti gaafatamaa sab quunnamtii uummataa ta’uun kan filataman obbo Gebruu G/Maariyaamiin ibsi dubbisames tarkaanfii humnaa kana kan balaaleffatu ture. Waggaa kana keessa Oromiyaa keessatti kan ka’e sochii mormii irraan kan ka’e uummata nagaa irratti kan fudhatame tarkaanfiin humnaa kan seeraan alaa dhabamuu lubbuu lammiiwwan 300f sababaa ta’ee jira. Kana males lammiiwwan kuma hedduutti laka’aman jamaan qabamanii hidhamuun dararamaa jiru. Miseensonni MEDEREK kuma hedduu ta’anis walitti qabaan hidhamanii hiraarfamaa jiru. Kunis bulchiinsa gaarii hin taane kan paartiin biyya bulchu itti amaneen kan fudhatame tarkaanfii humnaa waan ta’eef cimsinee balaaleffanna jedhan. Ajjeechaan Oromiyaa keessatti raawwatame kun qaama walabaan akka qoratamu mormitoonni irra deedeebi’uun gaafataa turan. Mootummaanis kana kan deggeruuf kunis ta’uu kan qabu waaltaa biyyattii keessa jiru komiishina mirga namaan ta’uun akka irra jiraatu beeksisee jira. Komiishinera kan ta’an Dr. Addisuu G/Igzaaber hojiin qorannaa sun xumuramaa kan jiru ta’uu ta’uu beeksisanii turan. Irra deebi’uun dura taa’aa Medrek ta’uun kan filataman Profesor Beyene Peexroos akka jedhanitti garuu dhimmi isaa waliin dha’amee bira darbamuu barabaada.
Irra deebi’uun dura taa’aa Medrek ta’uun kan filataman Profesor Beyene Peexroos akka jedhanitti garuu dhimmi isaa waliin dha’amee bira darbamuu barabaada. No media source currently available
Qormaata Kutaa 12 Itoophiyaa Ka baranaa hatani interneetii irratti baasanii jennaan hambisan. Eennutti, maaniif hate? No media source currently available Waan qormaata kutaa 12 baranaa dhiyoo tanaayyuu woma hedduu jechuutti jiran.Namu waan jedheef afaanma guutatee dubbata. Biiroo barnoota Oromiyaatii fi ministirii barnootaalleen qormaatii kun hatamuu ya mirkansan. Akka ministerii barnoota Federaalaa obboo Shiferrawu Shugguxee jedhutti qormaatii kun waan hatameef ammaaf jidduutti dhaaban. “Akkuma jirutti qormaata marsaa interneetii irratti baheen wal fakkaate argine.Tanaafuu qormaata itti aanu kennuun barbaachisaa miti jenne. Qormaata media irratti bahe kennuun barbaachisaa miti.Tanaaf qormaata guyyaa afran dhufaa kennan cufaa ya dhaabne jennee maatii,ijoollee ummata kennalleetti himuuf.” Ministerii barnoota qormaatii hatame jedhanii sab-qunnamtii irratti dubbatamaa ture dhraa jedhee kalee dubbate “Oduun haga ammaatti jedhan oduu dharaa biyya nagaa dhowwuu,maatii fi ijoollee dogongorsuuf odeessan.Maatiin tana beekanii ijoollee isaanii gorfachuu malan. Ijoolleelleen tanuma beekanii karuma qophaahan suniin qormaataa qophaahuu malan.” Tatullee dharati sun dhara taatee hin hafne.Akka jecha obboo Shiferrawutti haga fulaa poolisiin jirtutti qormaata bananii banamuu fi dhibaachun isaa hubatanitti hatame jechuun dhiba waan taateef jennee dogoggora uumameef “dhiifama gaafanna” jedha. Akka barataan tokko jedhutti eeguma innii qormaata fixe akka ka lammeesso fudhachuuf kutaa hin seennee fi waan jiraa ammoo sab-qunnamtii irraa caqasan itti himanii nama hedduutti deebii qormaata baranaa argate. “Ijoolleen gaafii qormaatallee waliin argatanilleen hinuma jirti.” Akka abbaan gurbaa isaa Sabbataa Finfinnee barsiisfatu tokko jedhutti wantii akkanaa kun waan hamilee barattootaa fi maatiillee cabsaati.
“Ijoolleen gaafii qormaatallee waliin argatanilleen hinuma jirti.” Akka abbaan gurbaa isaa Sabbataa Finfinnee barsiisfatu tokko jedhutti wantii akkanaa kun waan hamilee barattootaa fi maatiillee cabsaati. Waan qormaata hatamee kana woma hedduu jedhan.Qormaata baranaa eennutti maaniif hate? Akka namii hagii tokko jedhutti barattootii Oromiyaa baranaa haga guddana waan hin baratiniif akka jarilleen qophaahuuf qormaatii duratti dheeratu maatii, qabsaahotaa Oromootii fi namii hedduun maqaa #Oromoprotests ykn Mormii Oromoo jedhuun mootummaa federalaa fi naannoollee gaafatee irratti didanii jennaan qormaata hatanii interneeti irratti facaasan. Qormaata baranaa silaa ijoollee kuma dhibba hedduutti fudhataa horii guddaatti itti bahelle. Itti aanaan itti gaafatamaa Biiroo Barnoota Oromiyaa obboo Fiixee Aberraa waan qormaatii baranaa ya hatanii hattututi hatee taatullee dhiyootuu guyyaan qormaatii dhibiin kennamu himamaa jedha. Wantii qormaata kutaa 12 baranaa hambise waan hedduu.Hagi tokko gareee mormii barattoota Oromoo,maati fi qabsaahota Oromoo akka qormaatii baranaa akka ijoolleen Oromoo barana haga guddaan hin baratan qophaahan tolchuuf duratti dabarsan gaafachaa bahe jedha. Jawaar Mohaammad warra akka qormaata baranaa duratti dabarsan gaafchaa bahe jedhe keessaa tokko. Maatii,ogeessa,barataa,qabsaahotaa fi ummata Oromootti addunyaa naannoo cufa keessaa akka qormaatii baranaa duratti dabru bilbilaa fi waan hedduun duule caqasuu didanii jennaan koreen Oromoprotests qormaatii bahu tolche jedha. Woma taateefuu akka ministerii barnoota obboo Shiferrawu Shugguxee jedhutti dhiyootuu kennuuf labsama.Qormaatii kutaa 12 qormaaa yuniversitii seenuuf fudhatan.
No media source currently available
Hongee Itiyoopiyaa Mudateen Akkaan Kan Miidhaman Ijoollee Dha Itiyoopiyaan waggoota kurna hedduu keessatti hongee hamaatu ishee mudate. Kanneen hanqina nyaataan akkaan miidhamanis ijoollee ennaa ta’an dhukkubaafis isaan saaxilee mana barnootaa dhaquu hin danda’an. Matahaaraa bakka lammiiwwan biyyattii irra hedduun gargaarsa namoomaa eeggatan irraa Marthe van der Wolf gabaastee jirti. Tujubetu dhiyeessa. Hongee yeroo ammaa jiru irraan kan ka’e lammiiwwan Itiyoopiyaa miliyoona kudhanii ol ta’an gargaarsa midhaan nyaataa kan yeroo hatattamaa eeggataa jiran. Ijoolleen immoo irraa hafuu waan hin dandeenyeef balaa kanaaf daran saaxilamaniiru. Hati daa’ima umuriin waggaa sadii fi hanqina nyaataan miidhame waliin kilinikii keessatti argaman tokko akka jedhanitti hanqina irraan kan ka’e qaamni isaa ni dhiita’e. waan nyaatan waan hin jiraanneef jedhu haati kun. Ijoolleen dhiiraas erga beeladaaleen qaban martinuu hongee irraan kan ka’e dhumanii booda maatii isaanii gargaaruuf jecha barnoota addaan kutan. Mootummaan Itiyoopiyaas ijoollee miliyoona ja’an kanneen afaan beelaa jiran, dhukkubaa fi hanqina nyaataa akkasumas hanqina bishaaniin dararamaa gargaaruuf jaarmolii gargaarsaa waliin hojjetaa jira. Jarmayaa gargaarsa daa’immanii irraa Saamu’el Terfa akka jedhanitti sababaa hinqina nyaataa fi beelaan kan ka’e ijoolleen hanqina nyaata madaalawaaf saaxilaman kun guddinni sammuu isaanii fi dandeettiin yaaduu isaanii gad bu’a dhibee yaraa kaasaafis ni saaxilamu jedhan. Gargaarsa yeroo hatattamaa kanaaf gargaarsa maallaqa yeroo hatattamaa doolaara miliyoona 800 oltu argame. Mootummaan Itiyoopioyaa fi tokkummaan mootummootaa akka jedhanitti garuu waggaa kana qofaaf doolaara biliyoona 1.4tu barbaachisa. No media source currently available Maallaqi kun irra hedduun midhaan nyaataa dhiyeessuuf oola.Haada ijoollee ja’aa kan ta’an Alko Bultum ijoollee isaanii ja’an nyaachisuuf malli tokkichi gargaarsa argachuu dha jedhu.
No media source currently available Maallaqi kun irra hedduun midhaan nyaataa dhiyeessuuf oola.Haada ijoollee ja’aa kan ta’an Alko Bultum ijoollee isaanii ja’an nyaachisuuf malli tokkichi gargaarsa argachuu dha jedhu. Sababaa hongee Kanaan gargaarsa mootummaa eeggachuu malee homaa hin qabnu. Mana keessaa homaa hin qabnu. Ijoollee keenya waan nyaachisnu hin qabnu. Bishaan dhugaatii hin qabnu jedhan. Bara dhuftu bara 2017ttus Itiyoopiyaa fi biyyoota gaanfa afriikaa fi Afriikaa gama kibbaa kanneen sababaa EL NINOn hongeen dhaga’amaniif gargaarsa midhaan nyaataatu barbaachisa. No media source currently available
"Namoonni Hidhamanii Mana Murtii Duratti Hin Dhiyaatin Maakelaawii fi waajiira Polisii Finfinnee Keessa Hedduutu Jira" Mormii Oromiyaa keessatti baatilee dhiyeenya kanaa keessa gaggeeffamee waliin wal qabatee namoota hidhaman hedduuf abukaatoo seeraa ta’uun kan dhaabataa jiran Obbo Wandimmuu Ibsaa Kibxata Ebla 26 bara 2016 qofa Oromoota jaatamii sagaliif dhaabachuu isaanii dubbatan. Namooti himannaan irratti dhiyaate saddettamii shan of harkaa akka qabanii fi Himati irratti dhiyaatu wal fakkaataa akkasumas garee gareen qodamanii galmee tokko jalatti waan himatamaniif jecha falmuun hagas mara rakkisaa miti jedhu. Himannaan dhiyaatees kan shoroorkeessummaa fi kan yakkaa jedhamee qodamuu isaa fi waluumaa gala namoota dhibba tokkoo fi shaniif dhaabataa akka jiran Obbo Wandimmuu Ibsaa ibsanii jiran. Isaanis kanneen galmee Obbo Baqqalaa Garbaa jalatti himataman digdamii lama, barattoota univarsitii Finfinnee fi Madda walaabuu soddomii tokko, naannoo Bolee Bulbulaa irraa nama soddomii sadii, Amboo fi naannoo isheetii kudha ja’a akkasumas Amboo irraa dabalataan kanneen biroon digdamni akka jiran dubbatu. Kana malees barattoota Ynivarsitii Finfinnee kanneen Embaasii Yunaaytiid Isteetes isa Finfinnee keessaa duratti hiriiran ehama malee hiriiran himati jedhu irratti dhiyaachuun ibsamee jira. Mana hidhaa Maakalaawii fi waajiira polisii Finfinnee keessatti kan hidhaman garuu mana murtitti kanneen hin dhiyaatiin danuu ta’uu kan ibsan Obbo Wandimmuun Godinaalee Oromiyaa adda addaa irraa qabamanii kan fidaman waan ta’eef jecha maatiin isaanii eessa akka jiran hin beekan jedhu. Hidhamtoonni akkasiis abukaatoo dhaabatuuf argachuu hin danda’an kanaaf ituu hin dhiyaatiin yeroo dheeraaf achi keessa jiru jedhan. Kanaaf maatiin hidhamtootaas ta’e kanneen hidhaa keessa jiran carraaqqii gochuun abukaatootti ykn karaa qaama fedheen haala jiru dhaamsa dabrsuu yoo danda’an nuti faana bunee mana murtiitti haala isaa iyyachuu dandeenya jedhu.
Kanaaf maatiin hidhamtootaas ta’e kanneen hidhaa keessa jiran carraaqqii gochuun abukaatootti ykn karaa qaama fedheen haala jiru dhaamsa dabrsuu yoo danda’an nuti faana bunee mana murtiitti haala isaa iyyachuu dandeenya jedhu. Guyyaa har’aa, Ebla 2, bara 2016 gara mana hidhaa Qilinxootti deemanii kanneen guyyoota darban afuriif dukkana keessatti hidhamnee turre jechuun mana murtiitti himatan Arfan araganii kutaa dukkanaa keessaa baafamuu isaanii naaf ibsanii jiru jedhu Obbo Wandimmuun. Gaaffii fi deebii guutuu armaa gadiitti caqasaa. No media source currently available
Obbo Beqqelee Garbaa fi Hoogganoota KFO Ol’aanoo Ka Biroo Sadii Achii-buutee Isaanii Dhabne, Jedhu Maatiin Hoogganootaa fi miseensota Koongiresa Federaalawa Oromoo mormii Oromiyaa keessatti ka’een wal-qabatee mana hidhaa turanii fi Jimaata dabre kana mana-murtiitti himannaan shororkeessummaa itti dhihaate 22 keessaa, hoogganoonni ol’aanon afur achii-buuteen isaanii dhabame, jechuun maatiin isaanii wawwaataa jiru. Hoogganoonni dhaabichaa afur – jechuun - Obbo Beqqelee Garbaa, Obbo Dajanee Xaafaa, Obbo Gurmeessaa Ayyaanoo fi Obbo Addisuu Bullaallaa, Jimaate dabre kana ennaa mana-murtiitti dhihaatanii himannaan itti dhihaatetti, abbaan-murtii akka isaan gara mana-sirreessaa Finfinneetti geessaman ajaja kennuu ka dubbattu – mucayyoon Obbo Beqqelee Garbaa – dubree Boontuu Beqqelee, akka ajaja abbaa-murtiitti silaa gara Qaallittiitti geessu – jennee yaadnee turre, garuu konkolaataa isaan ittiin geessaman hordofnee ennaa deemnu, mooraa mana-sirreessaa Qilenxoo galchan. Sa’atiin dabree jira, jedhanii waan nu deebisanii keessa seenuu hin dandeenye – jetti. Boorumtaa isaa, gaafa Sanbataa ganama ennaa itti-deebi’an garuu, hoogganoota KFO afuranuu mana-sirreessaa Qilinxoo keessatti argachuu hin dandeenye, jedhu – maatiin isaanii. “Booda, hidhamtoota isaan waliin turan keessaa, kanneen godinaa mana-sirreessaa sanaa 3ffaa keessa jiran waamsisnee yoo tarii achi-buutee isaanii beekaniif gaafanne.” – ka jedhan Boontuu Beqqelee fi Obboleettiin Obbo Addisuu Bullaallaa – Muluu Bullaallaa, “akkuma hidhamtoonni 22maan mana-sirreessaa Qilinxoo seennetti, otuu hidhamtoota ka birootti hin dabalamiin dura qoricha liqimsuu qabdan, nuun jedhan. Otuu nu hin dhukkubiin maaliif qoricha liqimsina?
Otuu nu hin dhukkubiin maaliif qoricha liqimsina? Jennee didde. Achii booda, Obbo Beqqelee fi hoogganoota ka biroo afuran achuma waajjira Bulchiinsa mana-sirreessaa keessatti hambisanii, warra kaan godinaa mana-sirreessaa sanaa adda addaatti ramadan. Achii booda deebinee hin agarre,” ittiin jechuu isaanii dubbatu. Qophii guutuu dhaggeeffadhaa No media source currently available
No media source currently available
Mooyyaleetti Roobi Yandoo Roobe Lubbuu Nama Sadii Galaafate Mooyyaleetti Bokkaaan yandoon dilbata darbe roobe qabeenyaa fi lubbuu namaallee balleesse. Rooba kana booda lolaan lola’ee lubbuu nama sadii yoo galaafatuu, qabeenya horiirrattis balaa geessiseera jechuun dhaabbanni fannoo diimaa Raadiyoonii VOAf himee jira. Keessumaa Moyyaalee naannoo Meeggaatti sababa daandii ijaaramaa jiruuf jecha lagni hidhame tokko guutee manneetii jiraattotaa naannochaa akka balleesse jiraattonni ni dubbatu. Gabaasi kan Galmoo Daawit. Mooyyaleetti bokkaa cimaan roobee namaafi qabeenya irrattillee balaa geessise. Akka jiraattonni jedhanittii, sanabata halkan waarii kaasee haga dilbata guyyaatti bokkaa yandoon roobee namootni sadii yoo du’an, loowwanii fi bushaayeen jiraattota naannawa magaalattii jiraataniis lolaadhaan fudhatamaniiru. Kana malees lolaan cimaa bokkaa sana booda lola’ee riqicha guddicha Itiyoophiyaa fi Keeniyaa wal qunnamsiisu irrattillee midhaa geessisuu irraa kana ka’e haga harraa riqichi kun tajaajila kennaa akka hin jiree jiraattonni ni dubbatu. Obbo liiban Goollichaa jiraataa Moyyaaleeti….. Bokkaan kuni bokka guddaatu roobee, sa’aatii sagal halkanii jalqabee (paka) hamma guyyaa sa’a jahaatti roobe dilbata. Fulaanii, arda hedduu roobe, gama Keeniyaa fi Itiyoophiyaa keessallee, guddum roobe. Karaallee kute…yaayyuu hin cufe, karaan boorii kan moyyaalee keeniyaa deemu hin jiru, karaan dabeelii kaa, Moyyaalee deemulleen hin jiru, sun cufni karaan sun cufni yaa ciccitee, karaan Keeniyaa guddaan Ka Moyyaalee Keenyaa fi Moyyaalee Itoophiyaa walitti deemullee yaa ciccitee….. waan hedduu balleesse, horiin du’ee, re’een 25, loon afurii. Akkasiinii, horiin hagas gahu du’e. manas guddoo cabse, alafu(darbees) lubbuu namaallee ajjeese.
manas guddoo cabse, alafu(darbees) lubbuu namaallee ajjeese. Kana malees bokkaan kuniin Mooyyalee irraa fageenya Kiiloo Meetira 100 irratti ka argamtu Meeggaas miidhuu jiraattonni nii dubbatu. Obbo Dhaddacha Warraab jiraataa Meeggaati, isaanis akka jedhanittii, daandii haarawa Meeggaa kaasee haga Moyyaalee geessu ijaarsisuuf lagi xiqqaan naannoo san jiru sababa hidhameef, bokkaan kuni yoo roobu lagni suni guutee nurra garagalee jedhu. Akka dameen waajjira fannoo diimaa naannoo Moyyaalee jiru Raadiyoo Sagalee Ameerikaaf himeetti,. Akka dhaabbata kanaattis namootni du’an sadan kun hundi isaanii ijoollee dhiiraa umurii ijoollummaarra jiran yoo tahan, lammummaan isaaniis Itoophiyaadha. Sababa rooba kanatis Dhukkuboonni balfamuu bishaaniirraa ka’uu danda’an kanneen akka koleeraa fi kaan akka jiraattota naannawa magaalattii’rratti miidhaa hin geessifneef karaa adda addaatiin jiraattota barsiisaa jirra jechuun dabalee dhaabbatichi himee jira. Ji’oota muraasaan dura Magaala Moyyaalee fi naannoo sanatti dhukkubi koleeraa ka’ee lubbuu nama lamaa galaafachuun isaa ni yaadatama. No media source currently available
Biyyoonni Gama Dhiyaa Fi Ameerikaan Haala Mirga Namaa Itiyoopiyaa Irratti Ejjenoo Cimaa HIn Qabaanne Jedhu Mormitoonni Mormitoonni motummoota warra dhiyaa irratti komeen dhiyeessan erga filannoo bara 1997 qabee mul’ataa ture. Michmmaa cimaa mootummaa Itiyoopiyaa waliin qaban dogoggora jiru sirreessuuf itti hin gargaaramne jedhu. dura taa’aan gamtaa Medrek professor Beyene Peexroos VOAf akka ibsanitti kanaaf sababaan gocha sab quunnamtii uummataa IHADEG jedhan. Sirni IHADEG kan inni ittiin beekamu keessaa tokko hojii hariiroo uummataa ti. Gama kanaan kanneen Itiyoopiyaa daawwatan Boolee dhaa qabee isa duras ta’uu danda’a akkuma isaan ga’aniin weeraruu dha. Kaan isaaniis ani hayyuu dha. Miseenssa paartii siyaasa kami iyyuu miti jechuu dhaan afaan IHADEG ta’anii jara kanatti marsu. Biyyoota warra dhiyaa biratti immoo ani qorataa dha ani sana. Ragaa qabadheen dubbadha kanneen jedhan kabajaa qabu. IHADEG tooftaa kanatti akkaan gargaarama jedhan. Dura taa’aan Medrek kun yaada kana kan dhiyeessan daawwannaa itti aanaa ministrii dhimma alaa US fi kan miseensota paarlaamaa ittiin ka’umsa godhachuun ture. Ministrii dhimma alaa Ameerikaatti itti aanaa ministriin dhimmootii dimokraasii, mirga namaa fi dalagaa Tom Malino-wiskii gara Itiyoopiyaa kan dhufan marii gamtaa kan mootummoota Itiyoopiyaa fi Ameerikaa kan waggaa irratti hirmaachuuf jecha. Dhimma Oromiyaa qabee hanga qooda hawaasi sivikii qabutti, dimokraasii babal’isuuf yaalii godhamaa jiru ilaalchisee mari’atamuu isaa itti aanaa minsitrichi VOAf ibsaniiru. keessumaa dhimma Oromiyaa ilaalchisee kan isaan yaaddesse illee ibsaniiru. Dura taa’aa Medrekiif garuu haala Oromiyaa kan yeroo ammaa dabalatee yaadi mootummaa ameerikaa biraa dhiyaatu ga’aa miti.
Dura taa’aa Medrekiif garuu haala Oromiyaa kan yeroo ammaa dabalatee yaadi mootummaa ameerikaa biraa dhiyaatu ga’aa miti. Ameerikaan dimokraasii fi dhimmootii mirga namaa irratti ejjennoo cimaa hin qabdu jedhan. Jiloonni garee dimokraatotaa fi sooshaalistii kan paarlaamaa Awrooppaas dhuma torban darbee daawwannaa Itiyoopiyaatti geggeessan xumuraniiru. Kan jiloota kana waliin mari’atan professor Beyene peexroos jiloonni kun haala qabatamaan Itiyoopiyaa keessa jiru ragaa sab quunnamtiin uummataa Ihadeg dhiyeessuttii adda ta’uu hubataniiru jedhan. Kan IHADEG itti hime paartii hunda hirmaachise, as yeroo ga’an kan biyya bulchu paartii tokkicha qofa jechuun jiloonni kun dhuga jiru hubatanii deebi’an jechuu dhaan professor Beyeneen VOAf ibsaniiru. No media source currently available
Balaan Lolaa Jijjigaa fi Naannoo Ishee Dhaqqabe Lubbuu Namaa Galaafate Jiraattonni magaalaa Jijjiragaa VOAf akka ibsanitti dilbata glgala naannoo sa’aatii lamaa roobni hangi tokko akka turee fi battaluma caamuu isaa dubbatan. Gara naannoo sa’aatii shanii garuu lolaan bishaanii utuu hin yaadamin ganda 04,05 fi 06 naannolee jedhaman irra guutee danbal’ie jedhu jiraattonni kun. Maqaan isaanii akka hin dha’amne kan gaafatan keessaa jiraataan tokko haala dilbata galgala uumame tokko ennaa yaadatan akkas jedhan: Roobi sun battala came. Lolaan bishaanii garuu sagaleen isaa guddaa kan akka sagalee xayyaaraa fakkaatu ture.Ennaa inni magaalaa keessaa nama fudatee adeemu iyyatu ture. Ibsaan daandii irra waan hin turreef dukkana ture jedhan. Lolaan bishaanii naanoo isaanii ture xiqqoo ta’uu ibsanii lolaan sun keellaa isaanii akka hin seenne ittisuu malee homaa gochuu akka hin dandeenye dubbataniiru. Miidhaan dhaqqabe TV Itiyoopiyaa irratti kan himameen ala ragaa mirkanaa’aa kan hin qabaannee fi angawoonni poolisii fi gandeen har’as naannoo Sanaa irra deemanii galmeessaa ka turan ta’uu ibsaniiru jiraattuun kun. Jiraataa ka biroon obbo Salaaddiin Bekirii jedhaman gama isaaniin jiraattonni magaalaa Jijjigaa irra hedduun galgala caatii qama’uu waan amaleeffataniif miseensonni maatii isaanii hangi tokko qama’aa turuu isaaniif isaan keessaa tokko annan fiduuf ennaa adeemu lolaa sana arguu isaa dubbatu. Obbo saladdiin akka jedhanitti ittisa bishaanii guddaa tokkotu naannoo keenya waan tureef isatu cabsee waan ba’e nutti fakkaate ganama garuu lolaa bishaanii ta’uu isaa hubanne jedhan. Lolaan sun magaalaa naannoo isaanii ture Cinaagsen jedhamu keessatti rooba dhufe irraa ta’uu ka dubbatan jiraataan kun kaleessaa fi har’a reeffa namootaa barbaaduuf yaalii godhameen reeffi namoota 23 argamuu isaa dhageenye jedhan. Isaan kan beekan namni tokko maatii isaa hafan waliin lubbuun nama saddeetii darbuu isaa dubatu.
Isaan kan beekan namni tokko maatii isaa hafan waliin lubbuun nama saddeetii darbuu isaa dubatu. Galgala irraa qabee naannoo ganda 04 keessatti maatii tokko irraa namoonni saddeet jechuun haati tokko ijoollee ja’aa fi obboleessa ishee waliin maatii tokko irraa du’aniiru jedhan. Akka gabaasa Associated presitti dilbata galgala naannoo Affaar keessattis aanaalee Magaallee fi Daalool keessatti roobi yandoo cabbii fi qilleensa hamaa makatee roobeen lubbuun namoota shanii darbee jira. No media source currently available
No media source currently available
Magaalaa Finca’aatti Poolisoonni Barsiisotaa fi Namoota Ka Biroo Hidhan Mana-murtiitti Dhiheessuu Didan Godinaa Horroo Guduruu Wallaggaa, aanaa Abbaay Coomman, magaalaa Fincaa’aa keessatti humnoonni Mootummaa jiraattota hiraarsaa jiru jechuun, jiraattonni himataa jiran. Jiraataan magaalattii Gaaddisaa Jiraa, jedhaman Raadiyoo Sagalee Ameerikaaf akka ibsanitti, Oromiyaa keessatti mormii bal’aa geggeessamaa jiruun wal-qabatee barattoonni manneen barnootaa illee eega cufamanii tureera. Barattoonni sadarkaa lammaffaa yeroo tokko qormaataaf galanii, achii booda hin deebine. Kanaaf jecha humnoonni moootummaa baadiyyaa dhaa haga magaalaatti jiraattota hiraarsan, jedhu – jiraataan magaalaa Finca’aa kun. Torban tokko dura, abaan manaa ishee – barsiisaan mana barnootaa sadarkaa lammaffaa Finca’aa, Shibbiruu Hirkoo fi barsiisonni ka biroon lama: Lammii Qixxeessaa fi Nagaasaa Tulluu, akkasumas, jiraataan magaalaa fi barattoonni illee hidhamuu ka dubbatan, Jiraattuun magaalaa sanaa - aadde Shittaayee Baqqaanaa, mana-murtiitti akka mirgi wabii eegamuuf iyyatan iyyuu humnonni poolisii ajaja mana-murtiif kabajaa kennuu dhiisuun, hidhamtoota sana illee dhiheessuu didan, jedhu. Akka aadde Shittaayeen jedhanitti, “nuti yakka ittiin barsiisota sana himannu hin qabnu. Mootummaa Federaalaa tu akka qanbee tursiinu ajaja kenne. Galfata Mootummaa federaalaa waan ta’eef qabnee keenye, jechuudhaan poolisoonni mana-murtiitti dhihaatanii dubbatan” jedhu – aadde Shittaayeen. Manni-murtii aannaas, “gama keenyaan waan dandeenye gochuu yaallee jirra. Kana caalaa waan goonu hin qabnu, jechuun galmee sana cufan,” kan jedhan – aadde Shittaayeen, haadhota-manaa barsiisota lameen kaanii waliin iyyannaaf gara Mana-murtii Ol’aanaa Godinaa Horroo-guduruu Wallaggaatti imaluu isaanii dubbatu.
Kana caalaa waan goonu hin qabnu, jechuun galmee sana cufan,” kan jedhan – aadde Shittaayeen, haadhota-manaa barsiisota lameen kaanii waliin iyyannaaf gara Mana-murtii Ol’aanaa Godinaa Horroo-guduruu Wallaggaatti imaluu isaanii dubbatu. Manni-murtii Ol’aanaa, ka Godinaa Horroo-Guduruu Wallaggaa furmaata isaaniif kennee laata? Prezidaantii Mana-murtichaa, Obbo Shibbiruu Waaqwayyaa dubbisnee jirra. No media source currently available
Magaala Sabbataa fi Aanaalee Gujii Keessatti Hidhaa fi Dararaan Hammaate Jedhu Naannoo Finfinneetti Godiina addaa Oromiyaa kan taate magaalaa Sabbataa keessatti Roobii darbee Bitooteessa 16 bara 2016 waajirri Dhaabbata Dimokraasummaa Uummata Oromoo barattoota mana barumsaa sadarkaa lammffaa fi qopha’inaa sabbataa walgahii waamee barattoota isin gidduudhaa jeeqan baasaa jechuun gaafachuu barattoota keessaa tokko ibsanii jiru. Yeroo kanattis kan jeequ nu keessa hin jiru jechuun barattonni waan deebisaniif jecha polisii Fedeeraalaa waamanii nu reebsisan jedhu. Polisiin Federaalaa barattoota kana irratti Aara himiimaansu darbachuu isaan kan ka’e barattonni 50 ta’an dhukkubsatanii klinikii sabbataatti eega geessamanii booda isaan keessaa shan wal’ansa dabalataaf Finfinnee ka jiru Hospitaala Phawuloositti ergamuu isaanii ibsan. Kanneen hafan immoo kilinikoota dhunfaatti dhaquu isaanii ibsan. Itti gaafatamaan waajiira DH.D.U.O Obbo solomoon Malkaamuu waa’ee walgahii gaggeeffame jedhame gaafatamanii bilbila cufanii jiru. Akksumas bulchaan magaalaa Sabbataa obbo Araarsaa Mardaasaa bilbila kan nu irratti cufan yoo ta’u itti gaafatamaan waajiira polisii anaa sabbataa Inspeekter Tamasgeen bilbila harkaa hin kaasan. Gama kaaniin torban darbe barattonnii fi shofeeronni 28 magaalaa Tafkii keessatti karaa cuftan jedhamuun kan hidhaman yoo ta’u isaan keessaa kudha tokko har’a mana murtiitti dhiyeeffamanii jiru. Dhimma isaanii kan ilaalan prezidaantiin mana murtii aanaa sabbataa Obbo Girmaa Abbabaa dhimmicha ilaaleen deebii kenna jechuun bellama kennanii achumaan bilbila isaanii hin kaasiin hafan. Godina Gujii aanaa Goroo Dolaa magaaloota adda adda keessaatti mootummaan namoonni dhibba tokko ol hidhuu maallaqni daldaltoota dhunfaa fudhatamuu fi dararaan adda addaa dhaqqabu jiraattonni dubbatanii jiru. Itti aanaa waajiira Nageenyaa aanaa Goroo Dolaa Obbo Dirboo Jiloo sagantaa Afaan Amaaraaf kaleessa akka ibsanti guutummaa godinichaa keessatti kanneen hidhaman kan ilaaleen odeeffanno hin qabu.
Itti aanaa waajiira Nageenyaa aanaa Goroo Dolaa Obbo Dirboo Jiloo sagantaa Afaan Amaaraaf kaleessa akka ibsanti guutummaa godinichaa keessatti kanneen hidhaman kan ilaaleen odeeffanno hin qabu. Garu kanneen Alaabaa Oromiyaa buusanii guban ala bultonni 5 hidhamaniiru jedhan. Isa dhibba tokko oltu hidhame jedhamuu hin beeku jedhu. No media source currently available
No media source currently available
Harargee Bahaa fi Naannawaa Magaalaa Shaashamanneetti Mormiin Itti Fufee Ammas Lubbuun Dhabame Jedhama, Motummaan Immoo Gurmuu Hidhattootaatu Booda Jira Jedha Harargee bahaa aanaa Gorwaa magaalaa Gorwaa fi naannoo isheetti har’as hiriirri mormii itti fufee kan oole ta’uu jiraattonni naannoo dubbatanii jiru. Hawaasichis dargaggootaa fi barattoota waliin ta’uu dhaan kanneen hidhaman nuuf haa hikaman, gumaan kanneen du’anii nuuf haa baafamu mootummaan kun nu hin bulchu, miirgi abbaa biyyummaa nuuf haa kabajamu ka jedhu dhaadannoo dhageessisaa kan turan ta’uu illee jiraattonni kun nuuf ibsaniiru. Qonnan bultoonnii fi hawaasni naannoo gara magaalaa Birwuhaatti sosso’uu dhaan poolisii fi milishoonni akka isaan gamasitti hin sossoone ugguranis uummati poolisii ofi irraa ari’uu dhaan mormii isaa itti fufee jedhu jiraataan magaalattii. Poolisiin uummatatti dhukaasuu dhaan lubbuun namoota darbuu illee nuuf ibsanii jiru. Dilbata dabre kana, amaamotni Misirroo fudhatanii naannawa Ajjee, lafa Korbeessa jedhamu irraa gara Shaashemanneetti ennaa konkolaataan deemaa turanitti sirba Caalaa Bultum sirbsiisaa waan deemaniif poolisonni magaalaa itti dhukaasanii, gommaa konkolaatichaa dhoosuun, itti fufanii dhukaasanii namoota afur madeessuu isaanii irraa kan ka’e humnoota Mootummaa fi jiraattota gidduutti walitti-bu’insi uumamuu ka jiraattonni dubbatan, Kaleessa gabaasuun keenya ni yaadatama. Itti-fufee immoo magaalaa Shaashemannee, mana-barnootaa sadarkaa lammaffaa Adventitii keessatti barattoonni kaleessa galgala irraa jalqabanii mormii kaasuu isaaniitiin humnoonni Mootummaa barataa tokko haleelan, jedhu. Magaalaa Shaashemannee dhaa alatti kan argamu, mana-barnootaa sadarkaa lammaffaa Harabaatee jedhamu irraas barattoonni hiriira mormii ba’uu isaaniittiin humnoonni Federaalaa barataa todkkotti dhukaasanii ajjeesan, jiraattonni.
Magaalaa Shaashemannee dhaa alatti kan argamu, mana-barnootaa sadarkaa lammaffaa Harabaatee jedhamu irraas barattoonni hiriira mormii ba’uu isaaniittiin humnoonni Federaalaa barataa todkkotti dhukaasanii ajjeesan, jiraattonni. Naannawa magaalaa Ajjee, bakka Korbeettii jedhamu irraa kanneen dheengadda qabaman – qonnaan-bultoonni 11 achi buuteen isaanii hin beekamne. Humnoonni mootummaa uffata isaanii ganda irraa qabanitti fidanii gatan – ka jedhan jiraattonni naannoo, jiraattonni Ajjee irraa baqatanii gaaratti galanis haga ammaa hin deebine, jedhu. Dubbi-himaan mootummaa Itiyoophiyaa, Obbo Getaachoo Raddaa immoo, gama isaaniittiin, Televiiziyoon Itiyoophiyaa irratti gaaffii fi deebii kennaniin, mormiin ammaa kun ka duraa irraa adda, jedhan. “Humni gurmaa’ee akka jabaatti hidhate, humna nageenyaa haala jiru tasgabbeessuuf gara sanatti soche’e irratti haleellaa guddaa banuudhaan, balaa guddaa geessise” – jechuun ibsan. Qabeenyaa misoomaa mootummaa irras miidhaa geessisuu isaa dubbatan. No media source currently available
Beelli naannoo Somaalee Mudate Hamaa dha Ilaalchi Addaas Kenname jedha Mootummaan Zooniiwwan mootummaa naannoo Somaalee jiru keessaa hongee dhaan akkaan kan miidhame zoonii sittii ta’uu komiishinierri komiishina hoji geggeessuu balaa gad xiqqeessuu kan itiyoopiyaa obbo Mitikuu kaasaa ibsaniiru. Kaleessa akka gabaasnetti kanneen bakka bu’oota zoonii Sanaa ti jedhan akka dubbatanitti hongeen sun akkaan hamaa dha jedhan obbo Mitikkuun. Lakkoobsi uummata zoonii sanaas kuma 575 fi 500 ta’uu isaaf kana keessaa kuma 475 balaa hongeen miidhamuu illee ibsanii jiran. Mootummaanis haala adda ta’e kanaaf ilaalcha addaa kenneera jedhan komiishinerichi. Akkuma kaleessa ibsame rakkoon isaa hamaa dha. Kan jedhan Komiishiner Mitukkuun Sababiin isaas roobi yeroo sanatti ni rooba jedhamee eegamu baatii Bitootessaa keessa. Zooniin shinillee haala qilleensa gara baddaa hordofa. Kanaaf jecha Hargee gama bahaa fi Harargee dhiyaa rooba kana argatu. Muummichi ministeerichaa yeroo darbe naannoo sana ennaa daawwatanitti uummatis kan inni jedhe hongeen sun hanga bitootessaatti waan turuuf jecha ilaalchi addaa nuuf haa kennamu kan jedhu ture jedhan. Akkuma Kanaan mootummaan itiyoopiyaas ilaalcha addaa kennuu dhaan tokkoffaa ogeessota damee adda addaa irraa ta’an ramadee zooncihaaf deggersi akka godhamu ta’eera. Naannoo Somaalee zooniilee mara keessatti adda durummaa dhaan gargaarsa midhaan nyaataa kan raabsu sagantaan nyaata addunyaa ta’uu kan ibsan obbo Mitikkuu Kaasaa zoonii kana keessattis hojii irra jireessa kan hojjetu WFP ta’uu ibsaniiru. Naannolee haga tokko gargaarsi dhaqqabaa hin jiru kan jedhu illee haalaniiru. Roobi arfaasaa darbe sirriitti roobuu dhabuu isaa fi sana dura roobi tures waan hin robin hafeef Itiyoopiyaa keessatti beelli hamaan mudateera. Naannoleen biyyattii beelaan dha’aman illee bal’aa dha.
Naannoleen biyyattii beelaan dha’aman illee bal’aa dha. Kanaaf gargaarsa yeroo hatattamaa kanneen eeggatan uummati biyyattii miliyoona 10.2 ga’uun ni yaadatama. Uummata hagas ga’u nyachisuuf illee doolaara Ameerikaa biliyoona 1.4tu barbaachisa. Har’a addunya irratti lakkoobsi uummata gargaarsa yeroo hatattamaa barbaadu gad xiqqaachaa ennaa adeemutti haalli Itiyoopiyaa maal irra akka jiru gabaasa itti aanutti dhiyeessina jechuu dhaan Meleskachew Amahaa Finfnnee irraa gabaaseera. No media source currently available
Bu'ureesitoota Waldaa Maccaa fi Tuulaama Keessaa Tokko han Ta'an, Obboo Baqqalaa Mokonnon Wasanuu Du'an Boqatan Buu’ureesitoota Waldaa Maccaaf Tuulaama keessaa tokko han ta’an Obboo Baqqalaa Mokonnon Wasanuu dhalatee oggaa 86-tti dilbata torban dabree – Amajjii 24, 2016 bakka jiraachaa turan Biyya Ingilizii, magaala Landdanitti adnunyaa kanaraa du’aan boqatan. Awwaalchi isaanii, har’a bakka dhalata isaanii, Salaaleetti raaw’atame. Obbo Baqqalaa Mokonnon Wasanuu, Shawaa Kaabaa- Salaalee, bakka Oborii jedhamutti dhalatanii guddatan. Akkuma Umuriin isaanii barumsaaf gaheen Finfinnetti galanoii amma sadarkaa lammaffaatti mana barumsaa Tafarii Mokonnon jedhamutti baratanii, booda Koleejii Hojii Daldalaa ykn Commercial College ka jedhamutti barachuun Akkaawuntingiidhaan ebbifaman. Waaldaan Macaafi Tuulama as Washington DC-tti Sambat-duraa darbee kana sirna yaadannoo Obbo Baqalaa dha qopheesse ture. Sirna yadanoo kanarratti firoottanii fi hiriyoonni Obboo Baqqalaa akasumas miseensooni Waldaa Maccaa fi Tulama argamaniru. “Obbo Baqqalaan abbaa firaa, xinna wajjin xinnaa, guddaa wajjin guddaa ta’e kan hasahuu beeku,” jedhu, Firottan Obboo Baqqala Gadda fuula isaanirra mullattu liqimsanii, of jajjabessa. Obbolaawwan isaatiif akka abbaa ture, firottan hunda biratti jalatamaa fi dhageetti kan qabu, mirga Oromoof immoo antummadhan odoo hin ta’in wal-qixxumaa dhala nama irratti hunda’uun umurii isaa guutuu kan dhama’aa ture tahuu dubbatan. No media source currently available Namoota sirna yadanno kanaratti argaman keessa Obbo Lubee Biruu fi Obbo Ibsaa Gutamaa dubbiseen ture. Oboo Lubeen “Yeroo Baqaqalaa Mokonnon, Janaraal Taddasaa Biruufaa wajjin dhimaa Macaa fi Tulamaaratti hojjatan da’iman ture.
Anifi hiriyooni kiyya akka obbo Baqqalaa Mokonnon ta’u hawwaa guddanne,” jedhanii, Obbo Baqqalaa Mokonnon waan abshaalaa fi goota tureef, Waldaa Macaaf Tulama keessatti, hojji tikaa nagaatti bobba’uun akka qophilleen waldicha nagaan geggesaman ka gochaa turan tahuu yaadatu. “Baqqalaa Mokonnon abbaa isaanii Mokonnon Wasanuuttin addan hin laalu. Warrii Mokonnon Wasanuu dhimma mirga Oromooratti cimtoota fi kan fira jalatani,” kan jedhan immoo Obbo Ibsaa Gutaamaati. Mootummaan Haylasilaasee, yeroo hoggantoota Macaafi Tulamaa akka Tadasaa Biruu, Mamoo Mazamir fi abbaa obbo Baqqalaa Mokonnon Wasanuufaa guree hidhaatti naqe, Obbo Baqaalaa Mokonnon fi hiriyotaa isaa immoo kophaa baasee hidhee ture. Sababni isaas Baqaalaan faa akka sobanii ragaa bahan dirqisiisudhan wabii godhate hoggantoota Macaa fi Tuulamaa irratti murtii soba dabarsuf yaaduudhaan ture, Guyyaa san garuu Baqqalaa Mokonnon Karoora motummaa fashaleessudhan seenaa hojjachuu isaa namonin achitti argaman raga bahan. San booda, Baqalaa Mokonnan mana hidhaatti deebisanii waggaa 10 itti murteessan. Motumaan Haylesilaasee kufee Dargiin angoo qabannaan bakka itti hidhamee turee bahee Finfinnetti deebi’e. Erga dargiin kufe booda haadhaa manaa isaa wajjin gara biya ingiliziitti baqate. Obboo Baqqalaan erga baqateeyis dhimma Oromoo irraa hin fagannee, namoota biyyaa baqatanii achitti gargaarsa dhaban gargaara, Oromoota naannoo Landan jiraatan ijaaraa fi walitti fidaa turean jedhu, obbo Ibsaa Gutamaa. Seenaa walda Macaa fi Tulamaa keessatti abbaa fi ilmaan hidhamuudhan Baqalaa fi abban isaanii Obbo Mokonnon Wasanuu kan duraas kan dhumaas akka ta’an dubbatu namooni sagantaa yaadanoo Obbo Baqalaa Mokonnon qophahe irratti argaman. Reefii Obbo Baqqalaa dheengada gara biyyatti ergamee, harra, biyya itti dhalatee guddatee Shawaa Kaabaa, Oboriitti han dhihoo jiru – Gadaamii Dabre-Libaanositti sirna o’aadhan awaalaman.
Reefii Obbo Baqqalaa dheengada gara biyyatti ergamee, harra, biyya itti dhalatee guddatee Shawaa Kaabaa, Oboriitti han dhihoo jiru – Gadaamii Dabre-Libaanositti sirna o’aadhan awaalaman. Matii fi firoottan Obbo Baqqalaa Mokonnonif jajabina hawwa, biyyeen itti haa salphattun jedha.
No media source currently available
Hiriira Mormii Oromiyaa Keessaa Irratti Lubbuun Namaa Dhabamuu fi Kaan Madaa’uu tu Dubbatama Godinaa Harargee Lixaa, magaalaa Machaaraa keessa ka jiru, mana-barnootaa sadarkaa lammaffaa Machaaraa keessatti har’a yeroo barattoonni barachuuf mooraa seenanitti, “maaliif Yunifoormii hin uffatiin dhufatan” jechuun, humnoonni mootummaa barattoota haleeluu isaanii dubbatu, barattoonni. Gama kaaniin Godinaa Horroo-Guduruu Wallaggaa, aangaa Guduruu, magaalaa Kombolchaa keessa ka jiru mana-barnootaa sadarkaa tokkoffaa Kombolchaa irratti boombii har’a darbatameen barattoonni madaa’uu, jiraattonni. Achuma Godinaa Horroo-Guduruu Wallaggaa, aanaa Jaartee, magaalaa Aliiboo keessatti kaleessa ennaa barattoonni sadarkaa lammaffaa fi qophaa’inaa hiriira mormii ba’anitti kanneen humnoota federaalaa haleelamanii miidhaman barattoota hedduu fi barsiisota sadii keessa, tokko akkuma wal’aansa fayyaaf Hospitaala Xiqur Anbassaa, ka Finfinnee jiru dhaqqabetti du’uu isaa jiraattonnii fi barattoonni Raadiyoo Sagalee Ameerikaaf ibsanii jiran. Akka jiraattonni jedhanitti, Addunyaa Irreessoo ka jedhamu, barsiisaan mana-barnootaa sadarkaa lammaffaa qophaa’inaa Aliiboo reebichaa fi rasaasa mataa isaa haleele irra kan ka’e lubbuu dhabe. Barsiisonni akka hamaatti miidhaman ka biroon lama Hospitaala Shaambuu keessatti wa’aanamaa jira. Aangawoota magaalaa Aliiboo irraa deebii argachuuf deddeebisnee bilbille iyyuu haga ammaatti nama deebii kennu hin aranne. Garuu, aanaaa ollaa sana jiru – Amuru, magaalaa Oborraa keessatti, “Maaster Pilaaniin Finfinnee haa haqamu. Barattoonni hidhaman haa hiikaman” jechuun kaleessa mormii kaasuu isaaniitiin, humna mootummaatiin hidhamuu isaanii fi hagi tokko hidhamuu, ka jiraattoonni himataniif, ajajaan poolisii aanaa Amuruu har’a deebii bal’aa kennanii jiran.
Barattoonni hidhaman haa hiikaman” jechuun kaleessa mormii kaasuu isaaniitiin, humna mootummaatiin hidhamuu isaanii fi hagi tokko hidhamuu, ka jiraattoonni himataniif, ajajaan poolisii aanaa Amuruu har’a deebii bal’aa kennanii jiran. No media source currently available
No media source currently available
Itoophiyaan gaazexeessitota hidhuun akka CPJ-tti Afrikaa keessaa sadarkaa sadaffaa irra jirti.
No media source currently available
Sochiin Magaalaalee Oromiyaa Hanga Tokkoo Uggurame Lubbuun namaas darbeera jedhu jiraattonni Har’a magaalaalee Oromiyaa adda addaa hanga tokko keessati mormii, bakka kaanitti immoo namoonni du’an ennaa awwaalaman kaan keessatti immmoo namoonni du’uu fi humnootiin mootummaa waan bobba’aniif sochiin magaalaalee kanaa ugguramanii jiraachuu jiraattonni naannoo akkasumas hoogganoonni paartilee momituu ibsaniiru. Maatii namoonni duraa ajjeefaman jedhamn keessaas dubbisnee jirra. Angawaa mootummaa biraas deebii arganne qabna. Naannoo addaa Oromiyaa Sulultaa keessatti har’a mormii geggeessameen uummati daandii bakka tokko tokkotti waan cufeef jecha humnoonni mootummaa manneen namaa irra naanna’uu dhaan uummata hidhaa jiraachuu jiraattonni dubbataniiru. Namoota manaa waamanii baasanis garaa dhaan lafa irra akka siqan taasisuun nu dararaa jiru jedhu. Godina kelem Wollega magaalaa Canqaa keessatti illee lubbuun namaa humnoota mootummaan darbuu jiraattonni nuuf ibsanii jiru. Magaalaa kana keessatti haala mudateen maatii tokko keessaa namoonni sadii haatii fi ilmaan isaanii Fedhesa fi isheetuu jedhaman rasaasaan dha’amuu dhaan Eshetu fi haati isaa ennaa du’an Fedhesaan madaa’ee mana yaalaa jira jechuun nuuf ibsan jiraataan magaalattii. Jiraataa magaalaa Amboo kan ta’aniif nama obboleessa kootu na duraa ajjeefaman jedhan ofii isaanii kale koo irra dha’ameera waan ta’eef obboleessa koo awwaallachuu hin dandeenye nuun jedhan. Gondina Horro Guduru Wallaggaa jiraataan magaalaa Guduruu tokkos haala magaalattii keessatti uumame ennaa ebsan humnootiin mootummaa uummata hiriira ba’e reebuu irra darbanii lubbuun namaa illee darbeera jedhu. Godina walaggaa dhiyaa magaalaa Najjoo keessatti kaleessa hojjetaan mana yaalaa tokko du’uu gabaasuun keenya ni yaadatama. Sirni awwaalcha dargaggoo Gammachiis Xilaahuun har’a raawwatame. Haala magaalaa Najjoo keessatti uumamee fi namoonni reebamuu ajjeefamuu akkasumas sochiin uummataa ugguramuu ilaalchisee himannaa jiraattonni dhiyeessaniif deebii argachuuf bulchaa magaalattii obbo Birhaanuu Caalii quunnamnee jirra.
Haala magaalaa Najjoo keessatti uumamee fi namoonni reebamuu ajjeefamuu akkasumas sochiin uummataa ugguramuu ilaalchisee himannaa jiraattonni dhiyeessaniif deebii argachuuf bulchaa magaalattii obbo Birhaanuu Caalii quunnamnee jirra. Namni tokko du’ee awwaalameera, kana irraan kan hafe garuu farren nageenyaa jeeqama uuman irraan kan ka’e nagaan boora’ee adeemsi baruu fi barsisiuu yeroof gufateera. Haala jiru tasgabbeessuuf irratti hojjetaa jirra jedhan. No media source currently available
Gaafii fi deebii kana dhaggeeffadhaa No media source currently available
Farreen Nageenyaatu Jeeqa jedhu Angawoonni Mootummaa Manni maree bakka bu’oota Uummataa kan dhiyeenya raggaasise labsiin fooyyeessuu magaalaalee Master Plan Finfinne waliin kan wal qabate miti kan jedhan angawoonni naannoo jeequmsa uumameef farreen nageenyaa kan ittin jedhan itti gaafatamoo dha jedhan. ABO fi Ginbot 7s maqaa dha’aniiru. Sabaa himaa itiyoopiyaan kanneen tuqaman angawoonni Oromiyaa labsiin fooyya’iinsa magaalaa kan caffeen Oromiyaa dhiyeenya raggaasise guddina isaanii kan saffisu. Labsiin sun ennaa hojii irra oolus magaalaaleen kun ulaagaa sadarkaa addunyaa akka guutan gargaara jedhan. Angawoonni kun akka jedhanitti labsiin sun magaalaaleen kun walii walii isaanii akka deggeran seera godhus of keessaa qaba. Magaalaaleen sun galii argatan guutummaatti misooma bu’uuraa kan ofii isaanii babal’isuuf akka oolchan kan godhu ta’uu itti gaafatamaan waajjira industirii Oromiyaa obbo Nigusee Mengistuu beeksisaniiru. Kanaaf labsiin Caffee Oromiyaatiin ba’e Master planii Finfinnee waliin kan wal argu miti jedhan. Heerri biyya keenyaa mul’inatti akka lafa kaa’eetti naannoleen seera ofii isaanii baasu. Seerri kun kan ba’e naannoo Oromiyaa irratti. Labsiin sunis kan inni hojii irra oolu magaalaalee Oromiyaa irratti. Malee Master plani waliin qaruma wal hin argu jedhan. Labsii sanas ta’e master planiin sun magaalaalee misoomaan wal qabsiisa malee faallaa heeraa akka hin ta’in kan ibsan immoo itti gaafatamaa waajjira kominikeeshinii Oromiyaa obbo Fiqaaduu. Qabiyyeenis haa ta’u akeekaan naannoo mootummaan caaseffame tokko isa kaan waliiin kaayyoo walitti makuu qaruma hin qabu. Humnoonni kanaaf kakaasanis gocha isaanii irraa akka of qusata mootummaan ni yaadachiisa. Hawaasichis kana hubatee olola humnoonni kun oofan kana duras eenyuun akka ta’an ni beeka waan ta’eef adeemsi baruu fi barsiisuu akka itti fufu akka godhu akka mootummaatti waamicha dabarsina jedhan.
Hawaasichis kana hubatee olola humnoonni kun oofan kana duras eenyuun akka ta’an ni beeka waan ta’eef adeemsi baruu fi barsiisuu akka itti fufu akka godhu akka mootummaatti waamicha dabarsina jedhan. Obbo Fekaaduun ibsa kana irratti magaalaalee Oromiyaa fi waaltaalee barnootaa tokko tokko keessatti jeequmsa uumameef humnootii Iityoopiyaa shorokeessota ittiin jedhan itti gaafatamoo taasisaniiru. Master Palan Finfinnee fi dhiyeenya kan raggaasiasme labsiin fooya’iinsa magaalaalee Oromiyaa uummata naannoo akka miidhu godhanii kan ololan humnootii kana ta’uu ibsaniiru. Qaamonni siyaasaa adda addaa, humnoonni siyaasaa kanneen farreen nageenyaa ta’an keessaa fi alaa sabaa himaalee adda addaatiin olola kijibaa isaan oofani kun jedhan. ABO FI Ginbot torba maqaa dha’uu dhaanis ragaa humnoonni kun tamsaasan ulaagaa isa kamiinuu yoo ilaalame hundee kan hin qabaanne jedhan obbo Fiqaaduun. Barattoonni barnoota dhaabanis gara hojii baruu fi barsiisuutti akka deebi’an waajjirri kominikeeshinii mootummaa kan yaadachiise ta’uu gabaasi sabaa himaa Itiyoopiyaa kun beeksiseera.
Hiriirri Barattoota Oromiyaa Ammallee Dhiigaan Wal Makee (HRW) Maastar Plaaniin magaalaa Finfinneef karoorfame qonnaan bulaa fi jiraattoota Oromoo handaara magaalaa Finfinnee jiraatan irratti dhiibbaa qabaata jechuun baratoonni mormii dhageesisaa jiru jedhan garee mirga dhala namaaf falmu Humaan Raayiit Waach keessatti qorataan Itiyoophiyaa fi Ertraa Feeliiks Hoorn. Magaalaaleen Finfinnee jala galfamuuf jiranis kan dhalootaa dhalootatti darbaa dhufe kan Oromoon keessa jiraatuu fi aadaa Oromoottii hidhata kan qabnii dha jedhu. Mootummoota Itiyoophiyaa adda addaan durii kaasee cunqursaan nu irratti gaggeeffama kan jedhan oromoonni daafoo kanaa-tu daran garaa haammeessaa dhufee jedhu qorataan garee Hiyumaan Waach. Oromiyaa keessatti seeraan ala nama hidhuun hidhaa keessatti dararuun beekamaa dha kan jedhan Feeliiks Hoorn dhimmootii jireenya Oromoo kan ilaaleen murteessaa ta’an irratti Oromoon sagalee tokko hin qabu jedhan. Hiriira mormii bara darbe gaggeeffame irratti keessumaa barattoota yunivarsitii irratti humnootiin nageenyaa humna guddaa kan rasaasaan ajjefamuu isaan mudateera jedhan. Kanneen odeeffannoo waa’ee hiriira mormii dubbatan jedhamuun hidhamanii hanga har’atti himannaan irratti hin dhiyaanne jiru jedhu. Isaan akkasii kana irratti kabaluu dhiituu bunyaan dhahuu tumuu eleektrikaan gubuun Teeknika ykn mala ittiin odeeffaanno akka baasan itti gargaaraman ta’uu qorataan Hiyumaan Raayiitis Waach ibsanii jiru. Namoonni mataan isaanii gad garagalfamee hanga afuura baafachuu dadhabanii-tti bishaan qorraa keessa cubaman akka jiranis dubbatan. Isaan haala akkasiin dararaman qaama isaanii irraa godaannisa mul’atu qabu gaafiin gaafatamanis mormii eenyu akka qindessu hogganoota barattotaa mormii sana keessaa harka qaban akkasumas hidhata Adda Bilisummaa Oromoo wajjin qaban kan ilaleen odeeffannoo argachuuf akka ta’e Feeliiks Hoorn ibsanii jiru. Barattoota hiriira ammaa Kanaan hidhaman maal akka irra ga’aa jiruu baruuf baatilee hedduu fudhata jedhu.Sababiin isaas walabummaan yaada ofii ibsuu fi sabaa himaa bilisnii hin jiran jedhan.
Barattoota hiriira ammaa Kanaan hidhaman maal akka irra ga’aa jiruu baruuf baatilee hedduu fudhata jedhu.Sababiin isaas walabummaan yaada ofii ibsuu fi sabaa himaa bilisnii hin jiran jedhan. Baratonni irra deddebi’anii gaaffii dhiyeessaniif deebiin gama mootummaa irraa kenname humnootii tika nageenyaan qofa jedhu Fleeksii Hoorn garee mirga dhala namaaf falmu Hiyumaan Waach irraa. No media source currently available
No media source currently available
Koongiresiin Federaalawa Oromoo Walga’ii Uummataa Geggeessuu Ka Dhorkame Ta’uu Dubbata Paartiin mormituu, Kongiresiin Federaalawa Oromoo, xalayaa gaaffilee ijoo afur of keessaa qabu qaama ol’aanaa mootummaa Federaa fi Mootummaa naannoo Oromiyaatti ergeef haga ammaa deebii argachuu dhabuu isaa fi magaalaa Buraayyuutti Sanbata dhufutti walga’iin uummataa waamuuf ture, Bulchiisa magaalattiin dhorkamuu isaa dubbata. Barreessaan dhaabbatichaa, Obbo Beqqelee Nagaa akka jedhanitti, Bulchaan magaalaa Buraayyuu, Obbo Dhaabaa Jinfeessaa, dura ennaa dhaabbatichi walga’ii ummataa Isteediyeemii Buraayyuutti waamuuf akka beekkannoon kennamuuf telefoonaan gaafatu, tole jedhanii akka poolisiin eegumsa isaaniif godhu illee itti himuu isaanii dubbatan. “Akka ehama arganneetti fudhannee, ennaa gara waajira poolisii deemnu garuu, barreeffamaan na dhaqqabuu qabu, jedhu itti gaafatamaan poolsii” ka jedhan, obbo Beqqelee Nagaa, deebisanii gara kantiibaa magaalatti – Obbo Dhaabaa Jinfeessaatti ennaa bilbilan, Wixata dabre kana gara waajira isaanii akka dhufan waamuu isaanii dubbatu. “Wixata darbre kana ennaan waajira isaanii dhaqqabu, telefoona harkaa na harkaa fuudhanii, boorsaa ani baadhee ture illee sakatta’an. Kan waajirichatti na eege, Obbo Dhaabaa qofa otuu hin taane, itti-gaafatamaa poolsii, itti-gaafatamaa tika nagaa fi itti gaafatamaa DhDUO aanaa sanaa tu waliin ture. Ayyaana Ateetee yeroo irratti miseensonni keessan ABOn lafa hin gurguru, jedhan. Walga’ii isin waamtaniin wal-qabatee namni tokko alaabaa ABO baatee konkolaataan Buraayyuu keessa dabre fi sababaalee fakkaatan dubbachuudhaan, walga’ii keenya akka geggeeffachuu hin dandeenye nutti himan.” Jedhan – Obbo Beqqeleen. Bulchaa (Kantiibaa) magaalaa Buraayyuu, Obbo Dhaabaa Jinfeessaatti bilbillee, “walga’ii kaabinee irran jira.
Bulchaa (Kantiibaa) magaalaa Buraayyuu, Obbo Dhaabaa Jinfeessaatti bilbillee, “walga’ii kaabinee irran jira. Amma isinitti dubbachuu hin danda’u.” nuun jedhan. Akka isaan deebii nuuf kennanitti dhiheessina. No media source currently available
EL NINOn Itiyoopiyaa keessatti akka mudatu waggaa tokko dura barame jedhu hayyoonni Mudannoon El NINO hongeen Itiyoopiyaa keessatti dhaqqabsiise waggaa tokko dura kan barame ta’uun ibsamee jira. El NINOn jijjiirama qilleensa addunyaa waliin walitti dhufeenya inni qabu ifaa ta’uu baatus haala jiru akka hammeessu tuqamee jira. Waggoota 80n itti aanan keessa jijjiramni qilleensaa Itiyoopiyaa keessatti dhibbaa inni fidu maal akka fakkaatu qorannaan Akaadaamii Saaynisii Itiyoopiyaa mul’isee jira. Itti gaafatamaan akaadaamii Saayinsii Itiyoopiyaa profeesor Maasreshaa Fexxenee har’a VOAf akka ibsanitti mudannoon EL NINO Itiyoopiyaa keessatti hongee dhaqqabsiisuun isaa kan beekame waggaa tokko dura. Profesor Maasresshaan mudannoon kun hawaasa Saayinsii ykn saaynsii dhaan hagam akka beekamu illee ibsaniiru. walumaa gala jijjiirama qilleensa walii galaa fi EL NINO maaltu walitti fida isa jedhuuf deebii kennaniiru. Haalli ittiin wal fakkaatan xiqqoon waan jiru natti fakkaata. Haa ta’ malee mudannoon EL NINO kun mudannoo addaa ti. Sababaan ka’umsa isaas kana jedhamee waanti beekamu hin jiru. Akkuma beekamu galaana pasifik irraa humni qilleensaa baha irraa gama dhiyaatti bubbisu akkuma gad xiqqaataa dhufeen bishaan ho’aan gara bahaatti ennaa kuusamu mudannoo kun dhaqqaba. Yeroo yerootti kan mudatu yoo ta’u yoom akka inni mudatu garuu sirriitti himuun rakkisaa dha. Yeroo jalqabu garuu ni beekama. Dhiibbaan EL NINO waggaa darbe naannoo baatii Sadaasaa dhufuu akka danda’u mallattoo agarsiisee ture. Hagam akka ta’ee fi yoom akka jalqabamu garuu baruun hin danda’amu. Hongeen amma mul’atu dhiibbaa EL NINO ti jedhan Akaadaamiin Saayinsii Itiyoopiyaa waaltaa Panel jijjiirama haala qilleensaa kan jedhu hundeessuu dhaan waggaa tokkoo fi walakkaa dhaaf hojjetaa tureera.
Hongeen amma mul’atu dhiibbaa EL NINO ti jedhan Akaadaamiin Saayinsii Itiyoopiyaa waaltaa Panel jijjiirama haala qilleensaa kan jedhu hundeessuu dhaan waggaa tokkoo fi walakkaa dhaaf hojjetaa tureera. Waaltaan kun jijjiiamni haala qilleensaa miidhaa inni Itiyoopiyaa keessatti dhaqqabsiisu gama damee adda addaan qorachuu dhaan mala furmaata ittiin jedhe bifa gabaasaan dhiyeessuu dha. No media source currently available
No media source currently available
Dhaabonni qabsoo hidhannoon mootummaa garagalchuuf hojjetan hin milkaa'an jedhu muummichi ministeeraa Itiyoopiyaa Qabsoo hidhannoon mootummaa garagalchuuf kanneen hojjetaa jiran – humnonni mormitootaa bu’aa akka fiduu hin dandeenye mirkanummaan ka dubbatan ta’uu paarlaamaa biyyattiif ibsanii jiran Muummichi ministaraa Itiyoophiyaa Obbo Haile-mariyaam Dessaalenyi. Kanneen Shaabiyaa waliin hiriiran ittiin jedhanis, otuu yeroo isaanii hin gubiin yoo gara karaa nagaatti deebi’an wayya jedhan. Akka Iskindir Firew Finfinne irraa gabaasetii, muummichi-ministaraa Itiiyoophiyaa Obbo Hayile-maariyaam Desaaleyi, har’a Mana-maree Bakka-bu’ootaa Itiyoophiyaatti argamuun isaanii, gaaffiilee miseensota irraa dhihaataniif deebii kennuuf ture. Prezidaantiin biyyattii Dr. Mulaatuu Tashoomee, xiyyeeffannaa mootummaa, ka waggoota shanan dhufanii ilaalchisuudhaan, akka lakkoobsa Itiyoophiyaatti, Fulbaana 24, walga’ii gamtaa manneen maree lameeniif haasaan baninsaa dhageessisan immoo, ittiin ka’insa marii sanaa ture. Akkuma haasawa prezidaantichaa, marii har’aa kana irrattis dhimmootni hedduun ka xiinxalaman yoo ta’u, dhimmi lammiwwan Itiyoophiyaa biyyoota alaa jiraataniis ka’ee ture. Biyya isaanii fi uummata isaanii gargaaruuf kanneen sochii adda addaatti jiran – lammiwwan Itiyoophiyaa ala jiraatan ka jiran ta’uu ka dubbatan – Muummichi-ministaraa Itiyoophiyaa – Hayile-mariam Dessaalenyi, “kanneen faallaa sanaa dhaabbatan” – ittiin jedhanis ibsanii jiran. Keessumaa, kanneen “humnaan mootummaa gargalchuuf hojjetaa jiru” jedhan ilaalchisee ennaa dubbatan, “qabsoo hidhannootiin mootummaa garagalchuu yaaluun, waan hiika kennu miti” – jedhan. Meeshaa waraanaatiin mootummaa gargalchina – qaamotiin jedhan, kanneen hiika hin kennine ta’uu isaa haala itti uummatni hubatee jiru waan ta’eef, sabaabaa kanaan maallaqa warri Daayasporaa gowwaan kennan sassaabuuf jecha irraa kan hafe waan hiika qabu akka hin ta’iin beekamaa dha.
Amma immoo, dhugumatti, warri maallaqa xiqqoo baasan illee harka isaanii sassaabbachuu jalqabanii jiran. Ragaalee adda addaan waan mikaneeffataniif jechuu dha, jechuun itti fufanii dubbatan. Qabsoo hidhannootiin, mootummaa garagalchina – jechuudhaan, humnoonni Shaabiyaa waliin hiriiran, gara karaa nagaatti dhufuu qabu – jechuudhaan ennaa ibsanis, Mootummaan Shaabiyaa ofii isaaf iyyuu hin taane “nu deggera” ka jedhu – abdii hin qabatamne qabatanii kanneen achi taa’anis yoo tahe, akka yaada keenyaatti, dhimma kana dhiisanii, biyyi isaanii misoomaa fi guddataa jirtu biyyi isaanii, yoo yaada addaa qabaatanis karaa dimookiraatawaa ta’een haala dhiheeffachuu danda’an irra waan jirtuuf kana dhiisanii gara karaa nagaatti dhufuu wayya ittiin jenna. Garuu, karuma kana itti fufna – yoo jedhan ammoo, wal-gargaarsa mootummaa fi uummata Itiyoophiyaatiin, bakka kana ga’a – ka jedhamu bu’aa fiduu akka isaan hin dandeenye mirkaneessinee dubbachuu dandeenya. Akkasumatti haala yeroo isaanii balleessuutti jiran jira – jennee fudhanna. Hoogganoonni dhaabbatoota kanaa tokko tokko yaadni kun isaaniif hin liqimsamu – ka jedhan, muummichi-ministaraa Itiyoophiyaa, kaayyoon hoogganoota kanaa, maqaa dhaabota maqaaf malee hojiidhaan hin jirreetiin daldalanii bu’aa argachuu akka ta’etti dubbatan. Dhaabbatoonni kun qabsoo gaamtaa mootummaa fi uummatni waliin geggeesseen dadhabsiifaman – jedhu – Obbo Hayile-mariyaam Dessaalenyi. Muummichi-ministaraa Itiyoophiyaa, waa’ee dhaabota qabsoo hidhanoon socho’anii yaadni kennan kun, mutii mootummaan isaanii kenne ka biraa wajjiin wal simatee jira. Kanneen dhiheenya gara Itiyoophiyaatti deebi’an – dhaaba “Sochii Dimookiraasummaa Ummata Tigiraay” yokaan “Demihiit” jedhee of waamuf miseensota ka ta’aniif, mootummaa isaanii dhiifama gochuu isaa kaleessa beeksise.
Kanneen dhiheenya gara Itiyoophiyaatti deebi’an – dhaaba “Sochii Dimookiraasummaa Ummata Tigiraay” yokaan “Demihiit” jedhee of waamuf miseensota ka ta’aniif, mootummaa isaanii dhiifama gochuu isaa kaleessa beeksise.
Artist Saaliyaa Saamii Oromoo Raayaa Keessatti Waan Ajaa’ibaa Arge, Jeetti Wallistuu beekamtuun, Saaliyaa bakka jiraattu, Kanadaa irraa gara biyyaatti deemtee, viidiyoo sirbaa fi fiilmii seena-galmeessaa, kan amma bulchiisa naannoo Tigiraay keessa jiru, Oromoo Raayaa keessatti hojjechuu ishee dubbatti. Saaliyaan Oromoo Raayyaa keessa deemtee waliin sirbuu fi viidiyoo sirbaa qopheessuun kan ammaa kun ka jalqabaa akka hin ta’iin dubbbatti. Ammaan dura ennaa wallisaa Kadiir Martuu waliin gar sana deemanii sirba qopheessan illee maanguddoota haasofsiistee viidiyoo isaa kan harkaa qabdu ta’uu ka buuf ibsite, Saaliyaan “Oromoo Raayyaa keessaa kan afaan Oromoo qajeelchee dubbatu, nama umuriin soddomii shanii olii qofa. Ijoolleen afaanicha dhabaa jiran ,” jechuudhaan gadda ishee dubbatti. Garuu, maqaa lafaa dhageessu heddumminaan maqaa Oromoo ti, jetti. Fiilmii seena-galeemeessaa amma waraabde kana keessa, aadaa akka buna-qala faa fi seenaa ajaa’ibsiisaa jaarsota Raayyaa Umurii dheeraa qabaniin isheef ibsame kan qabdu ta’uu nuuf ibsite. Gama biraatiin immoo, artistoota dubartoota Oromoo jajjabeessuu fi hojiiwwan muuziqaa fi filmii ishee eebbisuutti ka fuuleffate qophii guddaa “Haadha Siiqqee” jedhame tokko magaalaa Finfinnee keessatti qopheessaa jirti, Saalihaan. Qophii kana irratti hojiiwwan ishee eebbisuu qofa otuu hin taane, artistoota dubartoota carraa beekamuu fi hojii isaanii agarsiisuu hin argatiin beeksiisuun, akkasumas, artistoota dubartoota Oromoo angafa akka Halloo Daawwii fi Haayyoo Guddattuu fayiif kabajaa barbaachisu kennuun akka keessa jiru illee nuuf ibsite. Qophiin agarsiisa artii adda addaa kun, akka lakkoobsa Itiiyoophiyaatti Onkoloolessa 20, bara 2008 Galma Finfinnee, ka Yuniviarsitii Finfinnee “Siddist” Kiiloo fuullee jiru keessatti geggeessama jira, jetti Saalihaa Saamii.
Qophiin agarsiisa artii adda addaa kun, akka lakkoobsa Itiiyoophiyaatti Onkoloolessa 20, bara 2008 Galma Finfinnee, ka Yuniviarsitii Finfinnee “Siddist” Kiiloo fuullee jiru keessatti geggeessama jira, jetti Saalihaa Saamii. No media source currently available
No media source currently available
Tajaajilli daandii baabura Finfinnee Dilbata Eegaluuf jira Daandiin baaburaa dheerina km 34 qabu kan magaalaa Finfinnee guutummaatti ennaa hojii jalqabu rakkoo geejjiba magaalattii attamiin hanqisuu akka danda’u itti gaafatamaan quunnamtii korporeeshinii daandii baabura Itiyoopiyaa Obbo Derejjee Teferraa ibsanii jiran. Baaburri kun ennaa hojii jalqabutti imaltoota kuma 60 yeroo tokko fe’ata. Kan jiran baabra 41. Baaburri tokko hanga namoota 317tti fe’uuf dandeettii qaba. Baaburri 41n yeroo tokkicha kallattii arfaniin ennaa sosso’an imaltoota kuma 60 deddeebisuu danda’u jechuu dha. Kunis sa’aatii tokko keessatti. Baaurri tokko tokkoon isaa daqiiqaa ja’a ja’a turee akka dhufe ta’uun qophaa’e. amma yeroo jalqabnu daqiiqaa ja’a ta’uu dhiisuu mala. Gara fuula duraatti garuu baaburri adda addummaa daqiiqaa ja’aatiin dhufa jedhan. Imaltoonni baaburri inni duraa jala ba’e isa itti aanu daqiiqaa ja’atti kan argatu ta’uu ka ibsan itti gaafatamaan kun yaalii gochaa akkuma adeemneen immoo sirreessaa deemna jedhan. Bakki baaburri kun akka irra deemu filatame bakka imaltoonni hedduun irra deddeebi’an ta’uu ibsanii rakkoo geejjiba magaalaa Finfinnee kan hiiku kan qofaa miti jedhan. Geejjiba uummataa ennaa jennu atoobisiiwwan saffisaan adeeman Finfinnee akka seenan taasisamu. Karoorri qabamee jira. Kun martinuu ennaa ida’aman rakkoon geejjiba magaalaa Finfinnee ni hanqata jechuu dha. Kana qofaa utuu hin taane kutaa lammataa kan karoora guddinaa fi transformation-tti kan ijaaramus jira. Daandii baaburaa ka birootu Finfinnee keessatti diriirsama, ni bal’ata jechuu dha. Mootummaan Itiyoopiyaa Karoora guddinaa fi transformation Itiyoopiyaa kutaa lammataa waggaa haaraatti beeksisee jira.
Karoorri kun immoo waggaa shaniif kan ture si’a ta’u yeroo kana keessatti daandiin baaburaa km hagamii akka diriirfamu obbo Dereje Tefera gaafatamanii: Hanga km 72 hojjetama jedhamee eegama. Isa ammaa utuu hin dabalatin. Kanneen kun immoo lafa jala kan diriirfaman ta’u jechuu dha. Ijaarsi daandii baaburaa kutaa lammataa irratti kan dhaabatu hin ta’u. kutaa 3ffaa 4ffaa jechuun akka dandeettii keenyaatti iti fufee caasaa geejjiba magaalattii waliin kan wal qabatu ta’uu qaba jedhan. Rakkoon geejjiba magaalattii furamuu kan danda’u tajaajila geejjibaa xixiqqoo kanneen kennan konkolaattonni xixqqoon gandeen keessaa namoota funaanuu dhaan gara daandii gurguddootti geessu. Daandii gurguddaa irratti ennaa ba’an immoo baaburri kun uummata deddeebsa jechuu dha jedhan obbo Dejejjeen. Atoobisiiwwan fuula duratti dhufaniif gatiin geejjiba baabura kanaa humna namaa kan gitu ta’a, tjaajilli isaan Kannan kan jabanaa fi teeknooljii yeroo ammaa kan qabaatan ta’u jedhaniiru. Gaaffii namoota baay’ee kan ta’eef baabura salphaa inni jedhu maal akka ta’e obbo Derejjeen ennaa ibsan: Baaburri kun salphaa waanti jedhameef tokkoffaa geejjiba qofaaf malee mi’a fe’uuf hin oolu. Lammaffaan immoo fageenya inni adeemu. Baay’ee gabaabaa dha. Fakkeenyaaf kan Jibuutii yoo ilaalte, Finfinnee qabee hanga daangaa Jibuutii Dawalleetti km 656. Achii immoo hamma Jibuutiitti km 100. Walumaa gala km 756 kanaaf baabura salphaa ittiin jechuun hin danda’amu. Baaburri akkasii imaltootaafis mi’a fe’uufis ni oola jedhaniiru. Baaburri akkasii egaa fe’umsa qooraa fi dhangala’aa, beeladaalee kkf fe’u.
baaburri daandii sana irra deemu ka biroonis hanga km 1118 deemu. Babura Finfinnee salphaa ta’e garuu furgoo isaa tokko hanga nama 64 kan qabu si’a ta’u guutummaan baaburichaa garuu hanga namoota 317 fe’uu danda’a jedhan obbo Derejjeen. Irra hedduu namoonni baabura kana keessaa daandii gabaabaa waan deemaniif jecha dhaabatanii adeemu. Jibuutii ennaa dhaqxu garuu namni km 756 dhaabatee deemuu hin danda’u. kanaaf kan isa magaalaa Finfinnee fageenya gabaabaa waan deemuuf salphaa jedhame jedhan. Waa’ee qulqullinaa gama ilaaleen walumaa gala hadiiddi baaburichaa haala inni itti diriirfame Biyyoota ka biroo keessatti kan geggeeffaman ijaarsa daandii baaburaa waliin wal bira qabamee ennaa ilaalamu maal fakkaata? Issa jedhuuf obbo Derejjee Teferraan ennaa deebsian: Baaruraawwan Itiyyoopiyaa keessatti hojjetaman ulaagaa sadarkaa addunyaa kan eegani. Ulaagaa sadarkaatu jira. 1.46 kan jedhamu. Sana kan eege dha. Baaburri salphaan Finfinnee kun isa kan Jibuutii waliin wal arga. Kan Awash, Weldiya Meqelee waliin wal arga. Finfinneen qofaa dallaa ofitti ijaartee hin teessu. Uummati Finfinnee dhaa ka’ee karaa buufata Sabbataa gara Jibuutii, Dirre Dhawaa Me’isoo fi gara kutaa gama bahaa bakka barbaade dhaquu danda’a. Kun egaa kutaa lammataa kan karoora jiruu irratti hojii irra kan oolu ennaa ta’u baaburri Finfinnee dhaa ka’e sabbataa erga ga’ee booda achii itti fufa. Gama dhiya biyyattiis kan dhaqu Sabbataa irraa ka’ee gara Amboo Ijaajjii, Jimmaa, Beddellee, qabee hanga Sudan kibbaatti ka deemu ta’uu itti gaafatamaan quunnamtii uummata korporeshinii daandii baabura Itiyoopiyaa ibsanii jiran. Ulaagaan kun egaa Itiyoopiyaa keessa qofaa utuu hin taane caasaa geejjiba biyyootii hollaa waliin wal qabsiisuu illee qabaachuu dubbataniiru itti gaafatamaan kun.
Ulaagaan kun egaa Itiyoopiyaa keessa qofaa utuu hin taane caasaa geejjiba biyyootii hollaa waliin wal qabsiisuu illee qabaachuu dubbataniiru itti gaafatamaan kun. Kanaaf qulqullinni furgoo baaburaawwan kanaa kan jabanaa fi teeknoloojii hammayyaa kan hordofan ta’uu dubbatan. Baaburri kun waraqaa ragaa ykn mirkanuu argataniiru? Isa jedhuuf obbo Teferran yoo ibsan gaaffilee kuma sadii dhiyaatan keessaa kan hin guutne 40 qofa jedhan. 40n kunis hedduu salphaaf guyyoota lamaa fi sadii keessatti dhumatu jedhaniiru. Waraqaa ragaa kanas kampanii SHENZEN jedhamuuf ulaagaa sadarkaa addunyaa eegeen kennama jedhan. Kutaalee biyyattii kanneen biroo keessattis projektiin daandiin baaburaa ijaarmaa akka jiru beekamaa dha. Kanneen keessaa naannolee Itiyoopiyaa ka biroo isa kaan waliin kan wal agarsiisuuf dhiyootti tajaajila kennuu kan jalqabu yoo jiraate gaafatamanii obbo Derejjeen akka jedhanitti: Projektiin Finfinnee dhaa qabee, Sabbataa Me’issootti hamma Dawwallee jibuutii-tti jiru hojiin hadiida diriirsuu baatii Caamsaa keessa xumurameera. Kallattii lamaanuutiin. Gama Jibuutii-tiinis baatii Adoolessaa keessa hanga buufata NEGEHAD jedhamutti xumurameera. Amma furgoowwan baaburaaf oolan dhufaa jiru. Ijaarsi isaas Onkoloolessa keessa xumurama jeennee eegna jedhan Daandiiwwan elektrikii diriirsuuf utubaawwan dhaabamanii hojiin isaa geggeessamaa jira. Biyyattiin kan hordoftu tarsiimoo misooma magariisaa waan hordoftuuf jecha Itiyoopiyaa keessatti kan hojjetan baaburaawwan martinuu humna elektrikiin hojjetu jechuu dhaan itti gaafatamaan quunnamtii uummataa korporeshinii daandii baabura Itiyoopiyaa obbo Deereje Tefera VOAf ibsaniiru.
No media source currently available
GAMTAAN MEDREK FINFINNEETTI HIRIIRA GEGGEESSUUF BEEKAMTII ARGATE No media source currently available
Jeeqama Yunivarsitii Wallaggaa Keessatti Ka’e Irratti Barataan Du’es Rukkutames Hin Jiru, Jedhu Hooggantuun Biiroo Dhimmoota Koomiyunikeeshinii Mootummaa Naannoo Oromiyaa No media source currently available No media source currently available
Barattoonni Qophaa’inaa Mormii Dhageessisuu Isaaniitiif Tumaman, Jiraattonni Naannoo No media source currently available
Iddoo isaa Ginfillee irraa hanga bakka “Waradaa 8” jedhamutti jijjiiruu isaanii, guyyaa isaa Dilbata dhufu irraa gara torban isaatti jechuun – Caamsaa 18, bara 2014tti jijjiiruu isaanii dubbatu, Obbo Beqqeleen Hiriirri mormii Oromiyaa keessati geeggeeffamuu fi tarkaanfiin gama mootummaatiin fudhatamu amma illee ittuma fufee jira jedha Paartichi.
Universitiiwwan hanga tokko keessatti barnoonni kan itti fufee jiru si'a ta'u kanneen akka Univesitii Haromaayaa fi Wallaggaa keessatti barnoonni amma iyyuu utuu hin jalqabamiin kan jiru ta'uu jiraattonni naannnoo fi barattoonni nuuf ibsanii jiru.
“Ajjeechaan Oromoo Irratti Geggeessamu Haa Dhaabatu!” Jedhu, Oromoonni Yunaayitid Isteetsii fi Briteen Keessatti Hiriira Bahan No media source currently available
“Finfinneen Magaalota Kana Gubbaa Irratti Mirga Murteessuu Tokko Iyyuu Hin qabaatu” Jedhu, Obbo Abbaa-Duulaa Gammadaa No media source currently available No media source currently available
Yeroo Yerootti Gabaafamuus Tarkaanfiin Fudhatame Hin Jiru No media source currently available No media source currently available
Darbaa Dabarsa Gurguramnee Dhumni Keenya Kana Ta’e No media source currently available
Oromoo Addatti Dararuu fi Ajjeesuun Haa Dhaabatu!’ jedhan, Hiriirtonni London Keessaa No media source currently available
Oromiyaa Keessatti Oromoonni Filmii Afaan Oromoon Qopha’an Daw’atan Xiqqaa Dha No media source currently available
Injiner Tesfaahuun Camadaa: Du'a falmisiisaa kutaa 2ffaa No media source currently available No media source currently available No media source currently available No media source currently available No media source currently available
Kukkuyyee – Dandeettii Addaa No media source currently available
Walitti Bu’insa Lubbuu Galaafate No media source currently available No media source currently available
No media source currently available
Hanga ammaatti dhaaboliin 150 ol ta’an yoo hundeeffaman hanga waggaa darbeetti namoota kuma 46tti hedaman biyyootii alaatti erganiiru.\n\nDhabolii kana keessaa tokkoo kan ta’e dhaaba hojjettootaa biyyootii alaa AL-Beshir jedhamu kan bu’uursan Obbo Beshir Idirs dhaabi isaanii maal akka hojjetu kan nuuf ibsan MP3 tuquun dhaggeeffadha.
Itoophiyaan waldorgommii Kooriyaa Kibbaatii atileetota 38 kopheeffatte Ilaa fi gurrii addunyaa tanaa ji’a kana gara dira ykn magaalaa Kooriyaa Kibbaa biyya isaanii keessaa guddinnaan abreessoo taate,Daegu jira.Namii kuma dhibba hedduu biyya tana dhaqa, miliyoonii hedduun TVn waldorgommii Atileetiksii Addunyaa Hagayya 27 haga Fulbaana 4, 2011 daawwata. Namuu waldorgommii IAAF,Fedireeshiiniin Waldaa Atileetiksii Addunyaa kopheesse 13eessootii akkana kophaaha. Waldorgommii,maaratoonii haga meetira 100,kuruphachuu fi darba waraanaa dabalee waan hedduun dorgoman.Biyyitii tana irratti dorgoman cuftii nama isaanii ka hin fiigaamitii akka allaattii barrisu,akka dhagaa eboo ykn waraana darbatu,akkuma kuruphee wa kuta jedhan, ka ganna hedduuf leenjifachaa bahan filatanii dhufataniin.Namuu biyya ufii addunyaatti maqaa isii guddifachuf dorgoma.Namii moohate ammoo doolara miliyoona hedduu ammaarratee galtaan,doolara miliyoona 70tti qophaahee abbaa fudhatu eegata. Akka obbo Duubee Jiloo,Daarektera Daarekteroota Teknikaa fi Ogummaa Atileetiksii Itoophiyaatti, Itoophiyaan atileetoa akka Daraartuu Tulluu fi bebeekamoo ammatti qabaachuu baattullee abdii guddoon dorgommii tana dhaquutti jirti. “…Atileetotii amma minima guuttte haareyaa..yoo ijoolleen tun nuu dorgomte namuma jiruun itti hirmaannee…qabxii duraan qabnu taan hin argannaa jenneetii itti qophaahaa jirra.“ Itoophiyaan dorgommii Kooriyaa Kibbaa tana irratti atileettota 38 qopheeffatte. Warra wal dorgommii tanaaf filatamee qophiitti jiru keessaa tokko Genzebee Dibaabaati. “Dorgommii tana irratti maqaa biyya kootii waamsisuuf…ijoollee wajjiin dorgomnus daballee wal gargaarree moohachuuf qohaahe.”Atileetotii amma dorgoman tun hagii guddaan naannoo Oromiyaatii dhufan taatullee ta naannolee dhibiilleen hedduutti keessa jira.
“Dorgommii tana irratti maqaa biyya kootii waamsisuuf…ijoollee wajjiin dorgomnus daballee wal gargaarree moohachuuf qohaahe.”Atileetotii amma dorgoman tun hagii guddaan naannoo Oromiyaatii dhufan taatullee ta naannolee dhibiilleen hedduutti keessa jira. Warra waldorgommii tanatti jiruun milkaahaa jennaa mee qophii Ispoortii tana MP3 irraa nuu caqasaa.
No media source currently available
ABO'n gama isaan hidhamtoonni kunneen haala gahaa ta’een hin tajaajilamne, wal’aansa gahaas hin arganne, jedha.
Namoonni sab-lammoota guguddoo biyyattii lameen, Oromoo fi Amaara irraa walitti dhufan dhiheenya diraamaa, sirna aadaa wal-dhabdee furuutti fuuleffate agarsiisanii jiran.
Muummeen ministira Itoophiyaa Abyi Ahmad waldhabdeen kun marii furamuutti gammachuu akka qaban ibsuun, ammaa booda wantoota irratti waliigalame hoijiitti hiikuu fi gara fuuldurattis waantoota akka hanqinatti mul'atan yoo jiraatanis mariin furuun barbaachisaa akka tahe dubbatan.
Ochaan, deeggarsa abbootii taayitaa ministeera ittisa biyyaa fi waajiralee bulchiinsa naannoo irraa argamu qindeessuun, lafa buqqaatonni jiran qulqulleessuu fi michoota gargaarsa namoomaa raabsan bobbaasuun hubannoo waa’ee dhukaatootaa uumuu fi deebii barbaachiisu kennuuf akka jiru hubachiise jechuun Mulugeetaa Atsibahaa Maqalee irraa gabaasee jira.
Obbo Shimallis haala waldaa Ortodoksii kana ilaachisee kan dubbatan keessatti qaamni kallattiin maqaa dhahanii qeeqan akka hin jirre Kenedii Abaatee gabaaseera.
Walii galaan sadarkaa guutuu biyyatti qabxii olaanaa baranaaf galmeeffame 666 ta’uun ibsamee jira.
Huseen Galataa hojii ogummaa muka bobbocuu ganna afurtamaa ol kan hojjete Jimma Keessatti amma hojiin harkaa dagatamaa waan dhufeef xiyyeeffannoon itti kennamuu qaba, jedhu.
Finfinnee Keessatti Namoonni Gocha Shororkaan Shakkaman Jedhame 371 To'anna Jala Oolfamun Himame Humnootiin waloo kan nageenyaa fi tikaa kan Itiyoophiyaa Magaalaa Finfinnee fi naannoo ishee keessatti gocha shoroorkaa jeeqamsaa fi goolii kaasuuf socho’aa kan turan 'humnootiin farreen nagaa' ka jedhen to’annaa jala oolchuu isaa Gibra Haayiliin nagaa fi nageenyaa beeksisee jira. Bulchiinsa nannoo Oromiyaa waliin qindominaan tarkaanfii seeraa fudhatamaa jiruun, dhokotanii magaala Finfinnee seenuun haleellaa Shoroorkaa geesisuuf socho’aa turan kan jedhaman miseensonni garee Shanee ittiin jedhe 107, meeshaa waraanaa ittiin fayyadaman fi uffta caasaa nageenyaa waliin to’nnaa jala ooluu ibsee jira. Haala wal fakkaatuun garee leellisaa Faannoo kan ittiin jedhe dhaabilee siyaasaa tokko tokko akka meeshaatti itti fayyadamuun, magaala Finfinnee giddu gala shoroorkaa fi jeequmsaa gochuuf, waraqaa eenyummaa sobaa qabachuun, gaaffii mana barumsaa keessatti ka’an tokko tokko kallatti jijjirsisuun akeeka badiif olchuuf uummata magaalattii gosaan walitti buusuuf akkasumas jeequmsa kaasuuf akkasumas haleellaa hidhannoon deggerame adda addaa gaggeesuuf ituu sosso’anii turan kan ittiin jedhe miseensoota garee kanaa 109 , meeshaa waraanaa ittiin fayyadamanii fi uffata caasaa nageenyaa adda addaa waliin to’annaa jala olchuu isaa fi qorannaan gaggeeffamaa akka jiru ibsee jira. Wajjiri kun shakkamtoota fi meeshaa waraana qabaman irratti ba’ii qorannaa argaman fufiinsaan kan beeksisuu ta’u hubachiise. Karaa biraan gurma’anii meeshaa waraanaa fi sibiila qara sagalee hin qane gargaaramuun namoota irratti miidhaa geesisuuf , saamiinsa gaggeessuuf hawaasa yaaddoo keessa kan galchan shakkamtoonni 155 meeshaa waraanaa saamanii fi itti fayyadamaa turan jedhamee waliin kanneen isaan waliin turan wakkiin to’annaa jala oolanii qoratamaa akka jiran ibsamee jira.
Karaa biraan gurma’anii meeshaa waraanaa fi sibiila qara sagalee hin qane gargaaramuun namoota irratti miidhaa geesisuuf , saamiinsa gaggeessuuf hawaasa yaaddoo keessa kan galchan shakkamtoonni 155 meeshaa waraanaa saamanii fi itti fayyadamaa turan jedhamee waliin kanneen isaan waliin turan wakkiin to’annaa jala oolanii qoratamaa akka jiran ibsamee jira. Waluumaa gala shakkamtonni 371 to’atamanii qorannaan irratti gaggeeffamaa akka jiru ibsamee jira.
Hojii Irra Olchuun Sana Booda Dhufa Umriin isaa 23 kan ta'e dargaggoo Naafii Guddinaa ijoollummaatti mana maatii ofii ba'e kaasee hanag ofii of danda'ee jjiraachu gidduu imala dheeraa fi muxannoo jireenyaa qabu irratti haasoofsiifne Jirra.
Gama biraan warreen rakkoo nageenyaa Godinaalee Wallagga Bahaa fi hoorro Guduruu buqqa’an ammas gargaarsi dabalataa akka isaan barbaachisu qindeessitoonni gargaarsa himanii jiran, Galmoo Daawit dabalata qaba.
Abbaa Urjii - Barreessaa Seenaa fi Kuusaa Jechoota Oromoo Kuusa jechoota Afaan Oromoo “Mijuu” jedhamu dabalatee kitaabawwan adda addaa barreesuudhaa fi maxxansuudhaan kan beekaman obbo Abdirashiid Abdurahimaan; Abbaan Urjjii waliin turtii taasifame daawwadhaa.
Hoggantoonni kun waliigaltee nagahaaa ji'a darbe mallattaahe hojiitti jijjiiruuf yeroo yeroon walgahaa turuun in yaadatamaa.
Baatii muddee walakkesssa irra namoonni 10.000 ol buqqa’uu isaanii ibsee jira.
Gama biraatiin garuu, himannaalee wal-fakkaatoo dhiheenya mootummaa irratti dhihaataa turaniif, aangawoonni mootummichaa deebii Sagalee Ameerikaaf kennaniin, humnoonni mootummaa haleellaan geggeessan hidhattoota “shanee” ittiin jedhan, kan Waraana Bilisummaa Oromoo ofiin jedhan irratti malee uummata nagaa kam irrattiyyuu ka xiyyeeffate akka hin ta’iin dubbatanii turan.
Bulchitoonni godiina Gujii dhiyaa fi kan Amaaroo humnootiin nageenyaa kan naannoo fi mootummaa Fedeeraalaa gareelee hidhatan irratti tarkaanfii akka fudhataa jiran ibsuun, kanneen jireenya ofii irraa buqqa’an deebisuuf kallattiin ka’amuu ibsan jechuun yonaataan Zabdiwoos Haawaasaa irra gabaasee jira.
Fulbaana 29, bara 1950 Dirre Dhawaatti kan dhalate Alii Birraa nama ganna 72 ture.
Kan dhimma kana irratti gaafataman – dubbi-himaan Waraana Bilisummaa Oromoo, Obbo Odaa Tarbii naannoolee bakkawwan to’achuu isaanii eeran.
Ministerri Tika Nagaa Biyyaa Alehaandiroo N. Mayoorkaa “rakkina walti bu’insaa fi balaa umamaatiin walqabateen yoo biyyatii deebi’an waan rakkoon isaan mudatuuf amma haalli fooyya’utti akka Yunaayiitid Isteets keessa turan taasisama“jedhaniiru.
Rooyiters akka gabaasetti magaalaaleen kun Shiree, Koremii fi Allaamaaxaa dha.
Mootummaan Itiyoophiyaa garu, tarkaanfiin ittisaa fudhachaa jiru haleellaa ABUT irra deddebi’uun gaggeessuu faccisuuf qofa otoo hin taanee humnoota alaa diinummaa qaba waliinis jedhee jira.
Dargaggoo fi dubarri gurmuu gurmuudhaan walga’anii manneenii fi karawwan irratti ka sirban, sirbi aadaa Gobbee fi Shinooyyee, bakka itti dargaggoo fi dubarri fuudhaa fi eeruma barbaadan itti wal kaadhimatan, jedhu kanneen tapha bara kanaatti hirmaatan
Waajjirri Qonnaa Godina Arsii Lixaa fi Waajjirri Poolisii Godinichaa omisha baala sammuu darreessu Arsii Lixaa keessa jira jedhan kana to’achuuf akka hojjetaa jiran dubbatu.
Gabaasaa Henrii Wilkinsi, har’a Shawaa Roobit irraa erge caqasaa.
Tajaajiila wal'ansa fayyaa adda addaa kennuun alattis ogeessoota fayyaa kan sadarkaa adda addaa leenjisee kan eebbisisee ta'u Daayreektarri olaanaa fi ogeessa fayyaa daa'immanii dhaabatichaa kan ta'an Dr. Balaayneh Lataa ibsanii jiru.Gaaffii fi deebii gaggeeffame caqasaa.
Kanaaf amma barnoota Afaan Oromoo, herregaa fi baarnoota jiruuf Jireenyaa isan barsiisaa jiru dubbata.
Barattoonni naannoo horsiisee bulaa ammas bara barnootaa haaraaf rakkoo jabaatu nu eeggataa ka jedhan yoo tahu, Biiroon barnoota Oromiyaa ammoo furmaata qabatee dhufaa akka jiru hima.
Kan Hidhaan Waggoota Kudhanii Itti Murame Miseensi Hooggansa ABO Ol Iyyannaa Gaafatan Yakki miseensi Koree-gidduu ABO hidhaa jiran - obbo Amaan Filee itttiin himataman labsii farra shororkeessummaa ka yeroo jijjiiramaatii duraa waan ta'ee jecha, murtee sana mormuun gara mana murtii walii gala federaalaatti ol iyyannoo dhiyeeffachuu isaanii fi manni murtii oliyaannoo kana ilaaluuf onkoloolessa 11 bara 2015tti beellamuu isaa abukatoon isaanii obbo Tolamaariyaam Magarsaa har'a Sagalee Ameerikaaf himanii jiru.
Ka gara sanatti imalee ture Galmoo Daawit gabaasaa qaba.
Namoonni oomishaa fi tajaajila isaanii qabatanii agarsiisa kana irratti hirmaatan sagaleen Ameerikaa dubbise carraa walitti hidhamiinsa gabaa uumuu fi muuxannoo wal jijjiiruuf sagantichi gumaacha qaba jechuun himaniiru.
Kitaaboleen Yaasoon barreessu kanneen bilchina qabanii fi guddina ogbarruu afaan Oromoof qooda gumaachan tahuu ka ibse – barreessaa ka biraas dubbisuun, qophii qindeessine qabna.
Ambaasaadder Tireesiin maree isaaniin boodas buufata laaboraatorii Adaamaa USAID’n ijaarames daawwatanii jiran.
Miseensonni Hawaasa Oromoo Waashinton Diisii fi Naannoo Ishee Ministirii Dhimma Alaa Yunaayitid Iseetis Duratti Hiriira Bahan No media source currently available Miseensonni hawaasa Oromoo as Waashingten Disii fi naannawa ishee jiraatan, “Mootummaan Itiyoophiyaa waraansa Oormiyaa irratti geggeessaa jira,” ka jedhan balaaleffachuudhaan har’a waajira Ministrii Dhimma Alaa Yunaayitid Isteetis fuul-duratti hiriira bahanii jiran.
Gama kaaniin walitti bu’iinsa Itiyoophiyaa gama kaabaa keessaa furuuf hoggantummaa gamtaa Afrikaanmarii nageenyaa gaggeeffamuuf Itiyoophiyaan murannoo qabdi jedhnii TPLF marii gama mootummaa Keniyaan gaggeffamuu irratti jila isaa erguu kan gaafataman Bileeneen, Prezidaantiin keniyaa yaalii karaa gamtaa Afrikaan gaggeeffamu ni deggeru jechu isaanii Iskindir Freew Finfinnee irraa gabaasee jira.
\nWasiilli Fayyisaa, "Osoo jajjabeeffamee kana caalaayyuu ni hojjata" jechuun dubbatan.
No media source currently available
Gama biraan dursaan ergama addaa Gamtaa Afriikaa kan Afriikaa bahaa Oliseguun Obasaanjoo torbee darbe kana Soof Umar daawwachuun qarshii gumaachanii jiru.
Hoogganaan Waajjira Qonna Godina Baalees gandootni dhibbaan lakkaa’aman ammas rooba malee akka jiran dubbata.
No media source currently available
Seerrii biyyatti keessaa fudhaa fi heeruumnii umriin 18 jalqabee waan jedhuuf jecha kanneen umrii Sanaa gaditti gaa’iila dhaabbatan hin galmoofnee.
Mootummaan Naannoo Oromiyaa namoota dhabamuu nageenyaan buqqa'an gargaaruufi qe'ee isaaniitti deebisuuf hojjataan jira jedheera.
Naakoor Malkaa tu Ambo irraa erge.
Poolisiin Finfinnee fuula Feesbuukii isaa irratti ibsa baaseen immoo, kanneen jeeqama sana uumamn namoota xiqqoo tahuu fi sababaa kanaan miidhaan qabeenyaa irra gahuu beeksisee jira.
No media source currently available
Murteessituun seeraa Ketaanjii Jaacksen nama muuxannoo guddaa qaban yoo ta’an, mana murtii muummichaa keessatti gumaacha ol aanaa qabaatu jedheen amana jetti Kuulaniin
Biyya Siwizerlaand Yunversitii Zuurik irraa Dr. Asebee Raggaasaa dubbisne
Tshaay Daamxoo kana irratti qabaasaa qabdi.
Itiyoophiyaatti Gaazexessoonni AP Hidhaa Turan 2 Wabiin Hiikaman Ji’ottan Afuran darbaniif mana hidhaa mootumma Itiyoophiyaa keessa kan ture Gaazexessoon dhaaabataa Oduu Idilee adduunyaa Asoshiiyetid preesiif hojjatu , Amiir Amaan Kiyaaro fi ogeessi kaameeraa Toomaas Ingidaa tokkoon tokkoon isaanii birrii Kuma 60 wabii qabsiisuudhaan akka gad lakisaman manni murtii Feederaalaa Sadarkaa jalqabaa Qibxata har’aa Bitootessa 29/2022 murtesuu isaa Dhaabbanni oduu Asoshiiyetid prees ibseeraa. Sadaasa 28 , 2021 jalqabee kan mana hidhaa ture Amiir Amaan Kiyaaroo irratti abbaan alaangaa yeroo qorannaa dabalataa gaafatus, abbootiin seeraa garu gaafiicha diduudhaan iyyanoo Abukaatonii himatamaa dhihessan fudhachuudhaan murtoo dabarseeraa. Gazexessonni kun himataa seeraa Shorokeessumaa jalatti ilaalamun yoo balleessaan irratti murtaa’ee hidhaa wagga 15n akka adabamuu dhanda’an Inspeektarri poolisii feederaalaa Tasfaayee Olanii midiyaatii dubbachuu isaanii Gabaasinni Asoshiiyetid prees kun eereera. Gaazexesonii kun lamman yemuu labsiin yeroo muddamaa hojii irra ture, miseensotaa Waraanaa Bilisummaa Oromoo isaa Mootumman Shanee jedhee waamuu haasofsiisuu isaaniitif himatamanii mana hidhaa keessa turan. Gaazexessonni kun wabiidhaan gad lakkisamanii dhimma isaanii mana hidhaatii ala ta’anii akka hordofan kan ajjaja kenne manii murtii feederaalaa Gaazexessonii kun amma dhimmii isaanii raawwatutti akka biyyyaa hin baane murtoo ugurii dabarsuun isaas beekameera. Amiir Amaan wabiidhaan hikamuun isaa akka gaarii ta’e kan dubbatan Daarektarri Asoshiiyetid prees Juulii Pees, Amiir Gazexessaa of danda’ee hojii isaa hojjatu akka ta’ee ibsanii, kan xiyyeefannaan irratti godhameefis waan hojii isaa hojjateef waan ta’eef mootummaan Itiyoophiyaa himannaa irratti dhiheesse akka haqu gaafachuun isaanii gabasameera.
Amiir Amaan wabiidhaan hikamuun isaa akka gaarii ta’e kan dubbatan Daarektarri Asoshiiyetid prees Juulii Pees, Amiir Gazexessaa of danda’ee hojii isaa hojjatu akka ta’ee ibsanii, kan xiyyeefannaan irratti godhameefis waan hojii isaa hojjateef waan ta’eef mootummaan Itiyoophiyaa himannaa irratti dhiheesse akka haqu gaafachuun isaanii gabasameera. Mootummaa akka gaazexessota kan mana hidhaati baasuu, dhaabileen mirgaa namoomaa fi mirgaa Gaazexessootaaf falaman, akkasumas miseensonii mana maree mootummaa US kan akka Adam Shiif bakka bu’aan Kaaliiforniyaa fi Meerii Gaay Skaanlon bakka buutuun Penselveeniyaa gaafachaan isaanii ibsameera.
No media source currently available
Waaltaan kun michoota isaa abukaatolee dhaabbata seeraa Debivoice & Plimpton jedhamuu fi kan Pan Afrikaa waliin ta’uu dhaan komiishina mirga namoomaa fi uummataa kan Afriikaa irratti Itiyoopiyaa himachuu isaa beeksisee jira.
No media source currently available
Gara fuula duraattis, gamtaa Afrikaa fi waaltaa to’annaa dhukkubootaa kan Afrikaa waliin qindoominaan, karaa KOOVAAKS talaalii kana ardiitti keessatti waliin ga’uuf hojjachuu barbaanna jedhee jira jedha ibsii Embaasii Amerikaa Finfinnee irraa ba’e kun.
No media source currently available
Amma gabaasinni kun qophaa’etti qondaaltonii U.S haanga’ootaa mootummaa Itiyoophiyaa waliin marii taasisuun isaanii ifa hinj taane.
Miseensonni Hooggansa KFO Mana Hidhaa Turan Akka Hiikaman Murtaa’uu Mootummaan Beeksise Miseensota hooggansa paartii Koongirasii federaalistii Oromoo obbo Jawaar Mohammad ,Baqqalaa Garbaa, Dajanee Xaafaa fi kanneen galmee obboo Jawaar Mohammad jalatti waamaman kanneen biroo akka bahan murtaa'eera, jedhe ibsi galgala kana Tajaajila Toomunikeeshinii Mootummaa Itoophiyaa Bahe. \nMiseensa hooggansa KFO keessaa ammatti obbo Dajanee Xaafaa bahuunis mirkanaa'ee jira. Gaazeexeessaa Mallasee Dirribsaa fi Shamsaddiin Xaahaas bahanii jiru.\nHaata'u malee Obbo Jawaar Mohammad, Obboo Baqqalaa Garbaa, Hamzaa Booranaa fi kanneen biroon akka hiikaman murtaa'uun ibsa sana keessatti himamus akka maddaan adda addaa jedhanitti hanga yoonaa garuu mana hidhaa irraa hin baane.\n\nGama biraatin dura taa'aan paartii Baalderaas obbo Iskiindir Naggaa fi hooggansi paartichaa hidhaa irra turan har'a galgala hiikamuu isaanii duubi-himaan paartichaa obbo Baqaaluu Axinaafuu Raadiyoo sagalee Ameerikaatiif ibsaniiru.\nDhiyeenya kana kan to'ataman Obbo Sibaat Naggaa fi namoonni 6 galmee isaanirratti himatamaan akka mana hidhaatii bahaniif murtaa'era, jechuun Tajaajilli Koomunikeeshinii Mootummaa Itoophiyaa galgala kana ibsa baaseen ifoomse jira.
No media source currently available
Sabaa himaa addunyaa dabalatee kanneen biyya keessaa fi alaa qooda keessaa qaban martii rakkoo jiru karaa itti gaafatama qabuun furuuf yaalii taasisan gaafatee jira.
Marii Teeknoolojii, Abdiisaa wajjin Ogeessii teeknoolojii quunnamtii fi odeeffannoo, hundeessaan OROICT, Abdiisaa Bancaa ,keesummaa Qophii Labtaa Jimaata harraati.
Humnoonni ABUT Walloo fi Kaaba Shawaa Gad Dhiisanii Ba’uu Mootummaan Beeksise Qabeenyaan Manca’uus Gabaase Humnoonni ABUT kka qabatanii turan naannolee Walloo kibbaa keessaa waaltaalee eegumsa fayyaa irra miidhaa guddaan ga’uu isaa qajeelfamni eegumsa fayyaa godinichaa beeksisee jira. Gareen kun himannaa irratti dhiyaateef deebii kan hin kennine yoo ta’u, waaltaaleen kunis hojii isaanii edilee haala hojjechiisuu dandeessisu irra hin jiran jedhamee jira. Itti gaafatamaan qajeelfama eegumsa fayyaa Walloo Kibbaa Anteeneh Demmellas VOAf ibsa kennaniin magaalaalee fi gandeen ABUT qabatee ture keessa ka jiran waaltaaleen eegumsa fayyaa manca’uuf saamicha hamaatu irra ga’e jedhan. Miidhaa dhaqqabe illee gareen qoratu hundeeffamuu isaa beeksisaniiru. Humnoonni ABUT lafa isaan qabatanii turan naannolee kaaba shawaa keessaa akka isaan ba’an gochuutti aansee tajaajilaawwan mootummaa jalqabsiisuuf sochiin godhamaa jiraachuu hoogganaan godinichaa beeksisan. Kaaba shawaa aanaalee shanii fi gandeen 86 seenanii kanniin turan humnoonni ABUT guutummaan naannoo sana gad akka gad dhiisan ta’uu bulchaan godinaa sanaa Taddesee G/Tsaadiq VOAf kaleessa ibsaniiru. Kan Dimtse Wayyaaneen wabii godhatee fi dheengadda tuuta oduuf ibsa kennan kan jedhame Dr. Debretsiyoon G/Mikaa’el garuu humnootii isaan hooggananis ta’e qaama isaan diina ittiin jedhan haalli isaa gamaaggamamee tooftaa dhaan duubatti deebi’uu isaanii ibsuun ni yaadatama. Bulchaan sun akka jedhanitti, naannolee gareen kun qabatee ture keessatti dhiittaan mirga namaa suukaneessaan raawwatamuu, qabeenyaan uummataa manca’uu himatu. Dubbi himaan TPLF Getaachoo Redaa garuu himannaa sana haalaa turan. Naannolee Amaaraa godinaalee ja’a irraa buqqa’anii kanneen dhufan qaamoleen hawasaa kuma 400 ta’an jiraachuu waajjirri ittisa balaa fi wabii nyaataa godinichaa VOAf ibsee ture.
Naannolee Amaaraa godinaalee ja’a irraa buqqa’anii kanneen dhufan qaamoleen hawasaa kuma 400 ta’an jiraachuu waajjirri ittisa balaa fi wabii nyaataa godinichaa VOAf ibsee ture. Kanneen kuma dhibbatti tilmaaman jiraattonni godinichaa gara Dabre Birhaan, Finfinnee fi naannolee hollaatti kan baqatan yoo ta’u, kanneen kaaba shawaa irraa buqa’an kaleessaa qabee deebi’anii deggersi kan godhamuuf ta’uu bulchaan kun mirkaneessaniiru. Gama biraan sababaa wal waraansa sanaan kanneen miidhaan irra ga’eef gargaarsa midhaan nyaataa dabaluu dhaan torban darbee qabee magaalaalee Dasee fi Kombolcha keessa kanneen jiran namoota kuma 450 oliif deggersi godhamuu isaa USAIDn beeksiseera.
Kana malees mootummaa ce’umsaaf waamichii dhiyaatu kan ugguramee ta’u, ibsamee jira.
Kanumaan walqabatee Prezidaantiin biyyatii Saahile worq Zewudee , ajaja muumeen ministeeraa dabarsan ojii irra olchuudhaaf haanga’ota mootummaa gidduuti tokkumaan akka jiru dubbachuu isaanii gabaasni Kenedii Abaate ibseera.
Komiishinerri dhimma baqattootaa kan tokkummaa mootummootaa kamisa har’aa akka ibsanitti, lakkoobsi namoota qe’ee ofii irraa buqqa’anii xumura bara 2020tti gara miliyoona 82.4tti ol guddatee ture jedhan.
Kan Finfinnee irraa ibsicha hordofe Mitikku Feqaaduu gabaasaa qaba.
No media source currently available
Biyyoottan biroo miseensonii mana maree nageenyaa darabee darabeedhaan yaada isanii kennaniiru.
Gabaasaa guutuu caqasaa No media source currently available
Caqasaa No media source currently available
No media source currently available
Prezidaantonni Bulchiinsa Naanoo Somaalee fi Kan Oromiyaa Haala Itiyoophiyaa Kaabaa Irratti Yaada Kennan Ityoophiyaa Kaabaa keessatti wal waraansii gaggeffamaa jiru kan bulchiinsoota lama gidduu ituu hin ta’iin mootummaa fi shoroorkeessa jechuun kan waaman Hiwaat giddutti kan gaggeefamuu ta’u prezidaantiin bulchiinsa naannoo somaalee obbo Musxafee Mohammad Umar RSAf ibsanii jiru. Hiwaat bulchiinsoota naannoo maraaf balaa kan qabu ta’uun amma ifa ta’aa dhufeera jedhanii, bulchiinsa naannoo Somaalee dabalatee bulchiinsoonni miseensoota Federeeshinii ta’an waraana isaanii ergaa kan jiran kana tilmaama keessa galchuun jedha. Mootumaan fedeeraalaa qophii qonnaaf jecha akkasumas dhiyeessii gargaarsaaf akka toluutti waraana isaa Tigraay keessaa baasuu isaa murtii sirrii ture kan jedhan Musxafeen Hiwaat garu akka waan injifannoo dirree waraanaatti argateetti lakka’uun loola biraaf ka’uun sirri miti jedhan. Duraan mootummaan tarkaanfii seera kabajsisuu ennaa fudhataa turee dhukaasa dhaabinsaaf irra deddebi’anii gaafataa kan turan hawaasnii addunyaa Hiwaat bulchiinsa naanoo kanneen birootti illee duula waraanaa ennaa hammeessu garu calliinsaan ilaalan jedhan musxafeene. Haala wal fakkaatuun kaleessa magaala Gondar keessa kan turan prezidaantiin mootummaa bulchiinsa naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa garee shoroorkeessaa jechuun kan waaman Hiwaat duullii waraanaa banee tokkummaa Itiyoophiyaa irratti halleellaa agaamamee waan ta’eef lammiwwan biyyatti gama hundaan walii wajjiin socho’uun of irraa qolachuu qabu jechuun dubbachuu isaanii tajaajiilli oduu Itiyoophiyaa gabaasee jira. Uummnni Oromiyaa keessaa fi mootummaan bulchiinsa naannoo oromiyaa dhimmootii Itiyoophiyaa irratti balaa fiidan dhabamsisuuf uummata obboleeyyan isaa ta’an waliin wareegama baasuuf qophii ta’u isaa Obbo Shimallis hubachiisan jechuun tajaajiilli oduu Itiyoophiyaa gabaasee jira.
Uummnni Oromiyaa keessaa fi mootummaan bulchiinsa naannoo oromiyaa dhimmootii Itiyoophiyaa irratti balaa fiidan dhabamsisuuf uummata obboleeyyan isaa ta’an waliin wareegama baasuuf qophii ta’u isaa Obbo Shimallis hubachiisan jechuun tajaajiilli oduu Itiyoophiyaa gabaasee jira. Dubbii himaan Hiwaat Geetaachoo Raddaa garu lafa warra Amaaraan seeraan ala nujalaa qabamee gadhiisisuu bira darbee ajandaa biraa hin qabnu jechuu isaanii Roytarsii gabasee jechuun Addis Chakkool gabaasee jra
No media source currently available
Kanaaf jecha Miidhaan dhaqqabu akka dhaabatuu, nyaataa fi gargaarsa dhala namaa akka hin seennee ittisuun akka dhaabatuu walitti bu’iinsa jiru karaa nagaan dubbatanii furuu akkasumas siviiloota ykn namoota nagaa kanneen miidhaan irra ga’eef murtii haqaa akka argatan gochuuf sagalee gaafatuutti kan koos dabalamuu isaa beeksiisa jedhan seenaatar Patrick Lehii.
No media source currently available
Naakoor Malkaa tu Ambo irraa gabaase No media source currently available
Paartiin SaalsaYi Weyaanee, BaYitoonaa fi Wuddib Tsinaat jedhaman ibsa baasaniin akka himanitti, seerichi uummataa fi beektotaa Tigiraay ajjeesuuf yaadamee, golgaa godhachuuf ka kaasame, jedhan.
Kanaafis lammiwwan Itiyoophiyaa kaardii sagalee ittiin kennan argachuuf akka galma’aniif kan gaafate ibsii kun kanaanis mirga Demokraasii qaban akka shaakalan akkasumas hawaasa isaanii eeguuf dammaqiinaan akka hordofan gaafatee jira.
No media source currently available
Gabaasaa guutuu caqasaa No media source currently available
Dhimma kana irratti kan gaafatame Boordiin Filannoo Itiyoophiyaa, kana sirreessuuf kan aaagoo isaa qabu, Bulchiisa magaalaa ti, jechuu isaa – Addis Chekkol Dirre Dhawaa irraa gabaasee jira.
No media source currently available Warri ijaan argine jedhan kunneen, ajjeechaan kun dhalattoota saba tokkoo qofaarratti kan xiyyeeffatedhas jedhan.\n\nDhimma kanarratti yaaliin hanga’oota Godina Horroo Guduruus tahe naannoo Oromiyaa bilbilaan dubbisuuf goone ammaaf hin milkoofne.\n\nGama biraan, ajajaa hidhattoota Waraana Bilisummaa Oromoo ofiin jedhanii fi mootummaan immoo ‘ABO Shanee’ jedhee waamu, maqaa Jaal Marrootiin Kumsaa Dirribaa, “Waraanni Bilisummaa Oromoo, nama hidhatee qawwee hidhatee nu fuuldura dhaabbatu malee Uummata nagaatti hin buune, yoom illee ittin buunu” jedhan.
“Osoon barnoota koo irraa addan bahin, nagaan dhala argachuu kootti Hedduu gammadeera” jetteetti, Galaaneen.
Yakkamtoota Naannoo Tigraay Keessa Dhokatan Qabuuf Sakatta’a Godhamuun Alatti Waraansi Hin Jiru: Meejer Jeneraal Mehaammed Tesemmaa Naannoo Tigraay keessatti raawwatamaa jira kan jedhan wal waraansi dhaabatee kanneen lola irratti bobba’an hatattamaan dhaabanii gara mariitti akka deebi’an gumiin waaltaalee amantii Tigraay torban darbe waamicha dabarsee jira. No media source currently available Gumiin kun ibsa baaseen waraansi sun lubbuu lammiiwwan nagaa amma iyyuu dhabamsiisaa, waaltaalee jiran mancaasaa waan jiruuf mariin karaa nagaa akka jalqabamu hawaasi addunyaa dhiibbaa gochuu qaba jechuu isaa gabaasuun keenya ni yaadatama. Akkuma kanaan haala yeroo ammaa Tigraay keessa jiruu fi walumaa gala haala waraansi sun itti geggeessame akka nuuf ibsaniif daayiriktera ol aanaa indektroneeshinii ittisa biyyaa Itiyoopiyaa Major Jeneral Mohammed Tessemmaa waraana Tigraay keessa jira jedhameef deebii ennaa kennan Maqalee erga seenamee booda waraana waan jedhu hin jiru. Lola waan jedhamu hin jiru. Yakkamtoota tamsa’an adamsuu fi barbaaduu irratti walitti bu’iinsaawwan xixiqqoon asii fi achii jarri luubbu isaanii oolchuuf raayyaan ittisaa immoo seera kabachiisuuf duula geggeessuun walitti bu’iinsi xixiqqoon jiru. Sadarkaa waraansaa hafee, sadarkaa lolaatti iyyuu homtuu hin jiru. Gareelee shororkeessan xiqqoo adamsuu irraa amma gara nama dhuunfaatti haala itti deemnetu jira. Jeneraal mohammed, lola sana kan jalqabe garee IWEHAT jechuun himatanii, bu’uuraalee misoomaa hedduu diigeera, lubbuu hedduu galaafateera, Maaykaadiraatti utuu hin hafin fixiinsa jamaa geggeesseera, raayyaa ittisa biyyaa irratti gocha suukanessaa raawwatuun saamicha raawwate jedhan. Innumaa Maqalee irraa baqatee ennaa ba’u hidhamtoota 10,000 ol ta’an hiikee godinaalee maraa fi magaalaa guddoo naannoo sanaa keessa gad dhiisuu dhaan uummati yakka dalaganii kanneen hidhamanii turaniin akka saamamu jeeqamuu fi mirgi isaa akka dhiitamu kan godhu humna gara jabeessa sana jedhan.
Innumaa Maqalee irraa baqatee ennaa ba’u hidhamtoota 10,000 ol ta’an hiikee godinaalee maraa fi magaalaa guddoo naannoo sanaa keessa gad dhiisuu dhaan uummati yakka dalaganii kanneen hidhamanii turaniin akka saamamu jeeqamuu fi mirgi isaa akka dhiitamu kan godhu humna gara jabeessa sana jedhan.
No media source currently available
Kaneen Qaalliittiitti laganaa nyaataa irra jiran keessa namoonni dhibamanii gara hospitaala geeffamanis jiru, jedhu abukaatooleen kun.
No media source currently available
UNESCOn bara 2016 Gadaa Oromoo qarooma addunyan irraa barattu jettee mirkansite gaafasi asi Gadaan biyya keessaa fi alaatti hagam beekamte? No media source currently available Gadaan qarooma Oromoon ganna hedduun duratti ufiin bulchaa,waliin gargaaraa baate. Dhaabii Barnoota,Saayinsii fi Aadaa Tokkummaa Mootummootaa,UNESCO bara 2016 keessa hambaa adudnyaa jettee mirkansite guyyaa kana gannuma gannaan ulfeessan. Eegiii UNESCOn Gadaa galmeessitee asi biyya keesastti waan hedduutti hojjatte akka jecha itti gaafatamaaa Biiroo Aadaa fi Tuurizimii Oromiyaa obboo Kebbedee Destaatti. UNESCOn waan mirkantii kennituuf; akka kunuunsan, horiin gargaaran,seera hammaate qajeelchan,sadarkaa addunyaatti beekisisan gargaarti. Eegii Gadaa galmeessan asi akka obboo Kebbedeen jedhett.Digrii lammeessoo fi sadeessoon barsiisuutti jiran.Kutaa 1-8 keessa sirna Gadaa barsiisuuf kitaabii kuma 500 bahee qoodame akka itti gaafatamaan kun jedhutti. Sirna lammuummaa keesatti dabalamee barsiisuutti jiran.Akka jecha obboo Kebbedeetti sirnii Gadaa sirna barnootaatuu qulqulleessuu dandaha. Gadaan jabduu sirnii isiilleen jabaa bara hedduuf ittiin bulaa bahan.Sirnii barnoota isiilleen akkuma kana jabaachu qaba jedhu ogeeyyotii. ‘Abootii Gadaa siyaasaan wal hanqachuu qaban’ Akka obboo jecha obboo Kebbedeetti Gadaa waan Gadaa rakkisuutit jira Harkatti itti heddate,abbootii qabeennaatii dabalee hedutti faayidaaf jedhee keessa seene.Gadaa rakkoo biyyaatiifuu fala taati warrii siyaasaalleen gama ufii deebifahuu fedha. Abbootiin Gadaalleen walqixxee hubannoo hin qaban.Tana dhaabuuf Gadaa mallattoo tokkummaa Oromooti, siyaasaa kamiifuu walqixxee kan tahe, siyaasaa ala tahaiiakka hojjatan carraaqaa jirra. Galma abbootii gadaa Oromiyaatti fulaa hedduutti galma abbootii gadaa jaaran; Shawaa, Baalee, Finfinnee,Harargee,Karrayyuu fi fulaa hedduu.
Horii haga tokko ummatatti baafataa kaan mootummaatti gargaara. Boorana,ollaa Kubii-Curraatti akka obboo Kebbedeen jedhetti horii ummatii walti qabate,muummeen ministeraa kitaaba isaa keessaa kennuuf waadaa galee fi horiin mootummaan itti dareen jaaruuf qophii jiran. Wannii galma Boornaa fi Gujiitti jaaran turse dizaayina durii baasanii ture amma irra deebihuutti waan jiraniif. Ganna afreessoo UNESCOn Gadaa itti galmeessite Gujii Dhiyaatti ulfeessuuf Guyyaa kana barana yuniverstii Bulee Horaatti kabanan. Guyyaan guyyaa waan qaban wal irraa baratan,waan beekan wal barsiisanii aadaann jabeeffatan. Guyyoo Dooyyoo,barreessaa,qorataa fi nama durii yuniverstii barsiise.Kitaaba bulchiinsa Afrikaa irratti barreesse keessaa Liberty and Leadership in Africa herrega bulchiinsa Afrikaati fi adduyaa wal bira qabee walti fiduuf jedhee. THE QUEST FOR RE-GROUNDING AFRICAN PHILOSOPHY BETWEEN THE TWO CAMPS: THE ALTERNATIVE AND THE CONCEPTION OF AFRICAN PHILOSOPHY BINARY. Afaan Oromootiin ammoo Carraa Ilmaan Waraaboo fi barreeffama saayinsii journal hedduu barreessellee.Koree kitaaba Afaan Oromoo kutaa 1-8 barreessitellee keessa jira Akka jecha isaatti UNESCOn bara 1946 gara dhumaa keessa dhaabate Gadaa Oromoo ammoo bara 2016 keessa mirkansite. Silaa adoo duristee galmeessitee addunyaanuu faayidaa guddaa irraa argatti jedha. UNESCOn Gadaa galmeessitee jedhanii wagguma waggaan guyyaa yaadannoo qopheessuu qofaa mitii haga duriillee caalaa jabeeffachuu qaban jedha. Kitaaba kutaa Afaan Oromoo kutaa 1-8 barreessuufuu akka jechatti ufi eegachaa qorachuuf jecha irra turan. Digirii lammeessoo fi sadeessoollee barsiisuuf ariifachuun dura jabeessanii ogeeyyotaan qorachuu qaban jedha.Itti gaafatamaan B/A/T/O ammoo sirnii Gadaa qulqullinna barnootaatiifuu bu’aa guddaa UNESCOn Itoophiyaa keesastti waan hedduu galmeessitee mirkansite gaarren ,laga,manneen amantii kiristaanaa fi waan hedduu mirkanse.
Digirii lammeessoo fi sadeessoollee barsiisuuf ariifachuun dura jabeessanii ogeeyyotaan qorachuu qaban jedha.Itti gaafatamaan B/A/T/O ammoo sirnii Gadaa qulqullinna barnootaatiifuu bu’aa guddaa UNESCOn Itoophiyaa keesastti waan hedduu galmeessitee mirkansite gaarren ,laga,manneen amantii kiristaanaa fi waan hedduu mirkanse.
No media source currently available
No media source currently available Gargaarsi kun maneen jirenyaa ijaaruu fi jireenya isaanii tumsuu Kan of keessaa qabu akka ta’es himamee jira.
No media source currently available
Wiixatallee toonii 100 fa’atee dhufa.Lola Tigraayitti itti jiraniin nama kuma 43 baqatee hagii guddaan ijoollee jedhan.
No media source currently available
Itti aantuun kantiibaa magaalaa Finfinnee Aadde Adaanach Abeebee gama isaaniin tola ooltonni kanneen biroon akka sosochii kanatti hirmaataniif waamicha taasisanii jiran.
Adeemsa kana keessattis hirmaannaan uummataa gaarii akka ture yaadachiisanii dhiyeessiin xayyaaraa, helikoopteraa fi mootummaan federaalaas deggersa ga’aa nuu godheera jechuu dhaan itti gaafatamaan waajjira qonnaa, bishaanii fi enerjii Dirree Dhawaa obbo Ibraahim Yusuuf galateeffataniiru jechuun Addis Chekol gabaaseera.
No media source currently available
Gabaasaa guutuu caqasaa No media source currently available
No media source currently available
Caqasaa No media source currently available
Seera G.Gaayoo: Dhiira fi dubra walqixxee barsiifadhaa,dubartiin haadha uumama cufaat jabeeffadhaa afaan luftanii haadha wal hin arrabsinaa No media source currently available Gumii Gaayoo (Borana Gada Assembly) kora Booranaa guddaa abbaan gadaa eegii baallii fuudhee ganna afreessoo irrati yaamee dhiphuu fi balinna gosaa irratti mari’atu. Laafinna gadaa jabeessee jabeenna isiillee guddifachuuf mari’ata. Korii kun Gumii Gaayoo kun 41essoo ganna 328 asi ittuma jiran. Korii baranaa kun ka Abbaa Gadaa Kuraa Jaaroo,abbaa gadaa 71essoo. Koronaan nama dhowwullee kora baranaa Dirree Dirra Liibanii, Waasoo fi fulaa hedduu itti dhufe. Gumii Gaayoo durii ji’a tokkollee hinma taa’anii barana ammoo torbaan sadii Dhaas ardaa Gaayootti taa’an. Kora kana ardaa fi madda cufaa itti dhufan. Warrii kora dhufe miiloo,aanaa,balbalaa fi akkuma gosaan walti dhiyaatuun waan gosa isaa,dhiphuu fi bal’inna mari’ata. Dubbii raabaa gadaan,garbaa fi meedhichii dadhabellee gaaddisuma Gumii Gaayoo kanatti muran. Korii Gumii Gaayoo kora seera Booranaa baasee lallabu.Booranatti wannii cufii seera mataa ufii qabdi. Bineesa baddaati haga loon moonaa cuftii seera mataa ufii qabdi. Akka Dr Borbor Bulee jaarrolee irraa dhageenne jedhe jedhetti Booranii seera buluun 100 oli qaba. Wannii lafa Booranaa irra jiraa cuftii seera bultuun qabdi.Dubarti,abbaa warraa, haatii warraa, haroo, eela,gaalaa, gaangee,nama fi sa’a,wannii cuftii seera ufii qabdi. Seera cufa seera nadheeniitti dura jira, seera fardaati itti aana.Nadheen ykn dubartiin uumama waan cufaa jedha seerii Booranaa.Nadheen wayyuu,qaalluu ufinna qabdi jedha.
Fardii akka durii duulaa adamoo qofaa mitii geejjiballee, abbaa gadaa baata,raabaa fi gammee,hayyuu baata. Akka seera Gadaatti bisaanii fi marra diqqaallee qaraa fardatti argata. Harreellee akkuma namaatti laalan jedha seerii Gadaa. Harreen galata qabdii.”Namii harree hate loon soddomaa baasa, ”jedha seerii Booranaa. Loon seera mataa ufii qaban.Kormii korree faaya looniiti namii korma loonii hate loon 10 baasa jedhe seerii gadaa. Seera hoolaa:Namii hoolaa korma hate ykn ammoo dabse loon 30 baasa jedha seerii gadaa. Namii dubra bira gahe haraamuu.Haraamuu gosa keessaa balleessan. Dubartii yoo dhiirtii itti jallatte(waliin rafe) itti iyyuu qabdi. Itti iyyuu baattee jennaan balleessaan ta isiiti isi fi innilleen jarii lachuu haraamuu(outcast). Seera Gumii Gaayoo bineensa badaa ijjeesuun seera male jedha. Afaan lufuu lagachuu(foul language) Gadaan afaan hin lufinaa jettee seeratti. Namii afaan lufee haadha namaa arrabase seera gadaatiin adabama.Adabbiin loon 10. Nama nadheen himatte naqaashii itti hin barbaadanii akka aadaatti gaaddisatti yaamanii himatan. Maatii intala isaanii tohachuu baannaan itti gaafatama Dubrartii ulfinna qabdi. Dubra ganna 18 gadi fuudhuun seera malee. Dubartiin beekumsa maati malee gara feete deemuu hin dandeettu. Gara feetee deemee waan hamtuu taatee jennaan maatiitti itti gaafatama. Namii dubartii waliin rafe haraamuu fi caphana.Dubartiin nama isiitti jallate itti iyyuu qabdi. Iyyuu baannaan balleessaan ta isiiti. Dubartii kadhatanii buna kennatan abbaa sun jalaa fuudhuu akkuma nama niitii abbaa qabdu fuudheetti laalan.Dubra dhaqanqabaa qabuun seera malee Barumsa Maatiin ijoollee isaanii dhiiraa fi dubrallee walqixxee barsiisuu qaba.Ijoollee barsiisuu dhabuun akkuma nama guddisa dideetti laalan jedha seerii gadaa.
Dubartii kadhatanii buna kennatan abbaa sun jalaa fuudhuu akkuma nama niitii abbaa qabdu fuudheetti laalan.Dubra dhaqanqabaa qabuun seera malee Barumsa Maatiin ijoollee isaanii dhiiraa fi dubrallee walqixxee barsiisuu qaba.Ijoollee barsiisuu dhabuun akkuma nama guddisa dideetti laalan jedha seerii gadaa. Amantii jedhani aadaa lakkisanii akkuma fedhan walfuudhuun hin taatu seeratti dhowwaa. Dubartii gargachesse haraamouu kophuu. Namii haadh nafa saalaa arrabsuu loon 10 baasa. Kora Gumii Gaayoo irratti seera yoo himan abbootii seeraa qofatti hima. Abbaan seeraa Booranaa ka duraa Diimaa Areerooti.Gosaa Koonnituu.Adii Jaleessaalleen fi Jiloo Aagaa faatillee abbootii seeraati. Qorattuun Jappaan Chikaatee, ykn Dr Lookoo Duubaa kora Gumii Gaayoo irratit kitaaba isii ganna afur qorachaa baate kora sun irratti yuniverstii Booranaatii kennite. Pirezidaantiin Oromiyaa Shimellis Abdiisaa kora Gumii Gaayoo dhufee biyyaan wal mari’ate. Gadaan bu’aa sammuu namaati waggaa 3,000 duratti sirna akkanaa qabaachuf yaaduun hin dandahamne jedha. “Oromoon waggaa 40 qopheesse waggaa 8 qofaaf hangoo kennaaf.Waggaa afraffaa irratti ammoo laafinnaa fi jabinna gadaa qorachiisa.” Qaroomii Amerikaan himattu akka obboo Shimallis jedhutti ganna 200 oli Gadaan Oromoo korii Gumii Gaayoo qoftinuu ganna 328 oli.Kanaafuu Gadaan Oromoon qarooma Oromoon cuftii itti boonu qabu jedha.
No media source currently available
Gaaffii fi Deebii gaggeeffame Caqasaa No media source currently available
No media source currently available
Gabaasaa guutuu caqasaa No media source currently available
Paartiin Badhaadhinaa Obboo Lammaa Dabalatee Namoota Sadi Koree Gidduu Irraa Uggure No media source currently available
Harargee bahaa fi bulchiinsa naannoo Hararii keessa rakkoon uumamee akka hin jirre beekameera jedha oduu gabaasaan raadiyoo sagakee Amerikaa kun.
No media source currently available
Ayyana Arafaa fi Gargaarisa Harika Qalleyii Ayyaana Id Al Adahaa (Arafaa) bara 1441ffaa barana kabajamee fi aadaan ayyanichaa foon qalachuu fi waliin nyaachuun beekamuun wal qabatee gahee fi carraan harka qalleeyyii.
Gabaasaa guutuu caqasaa No media source currently available
Mana maatii isaatti garuu Haacaaluun ilma, obboleessa abbaa warraa fi abbaa ijoollleeti.
Garee Hidhate Kan Motuummaa Hin Ta'iiniin Yakka Rawwatame Dhiittaa Mirga Namoomaati Hin Jennu: Amnestii Internaashinaal Namoonni eessatti akka hidhaman hin beekamnee akkasumas to'annaa jala oolanii haallii nageenya isaanii maal keessa akka jiru hin beekamne waan jiraniif jecha mootummaan dhimma isaanii ifa taasisuu qaba, jechuun gaafate – Amnestiin.\nQorataan jaarmayiicha mirga dhala namaa, kan Amnestii Internaashinaal, Fissahaa Taklee akka jedhanti ibsii Amnestii kun hanga ba'eetti lakkobsii namoota hidhamanii 5000 akka ture, amma garu dabalee gara 7000 ga'uu isaa odeeffannoon nu ga'aa jira jedhu. Irra heedduun isaanii mana murtitti hin dhiyeeffamiin akka jiran, Kaan immoo maatii ofii arguu, nyaata ykn uffata maatii isaanii biraa fudhachuus hin dandeenye, jechuun kanneen abukaatoo isaanii waliin wal arguu hin dandeenye akka jiranis qorataan mirga namoomaa kun ibsanii jiru. Hogganoota ABO keessaa Dr.Shuggux Galtaa, Kennasaa Ayyaanaa fi kanneen biroon hanga Sambata darbeetti eessatti akka hidhaman hin beekamu ture kan jedhan Fisseha Taklee, hangi tokko lammummaa biyya alaa waan qabaniif bakka hidhamanii jiranitti qoonsilaa biyya itti lammii ta'anii irraa tajaajiila argachuu qabu turan ykn Embaasiin isaanii isaan daw'achutu irra ture. Dhiittaa mirga namoomaa akkasii fi kanneen biroo hedduutu Jira, jechuun ibsan. Gabaasa Amnestiin yeroo darbes ta'e amma baase kana irratti mootummaan Itiyoophiyaa qeeqa ykn yaada dhiyeessee jira.\nSeera kabajsisuuf tarkaanfii mootummaan fudhatu hundumaa Amnestiin akka dhiittaa mirga namoomaatti fudhata, gabaasichii loogii irraa walaba miti, odeeffannoo irratti rakkoo madaalii eeguu qaba, haala qabatamaa biyya keessaa hubannoo keessa kan galche miti, akkasumas dogoggora qaba, jedha mootummaan Itiyoophiyaa Qorataan Amnestii Fissahaa Taklee kanaaf deebiin kennaniin qeeqni dhiyaate tokko tokkoon kan lafa ka'amee waan hin taaneef jecha walitti qabee deebii kennuun ulfaataa dha ka jedhu ture.
Gabaasa Amnestiin yeroo darbes ta'e amma baase kana irratti mootummaan Itiyoophiyaa qeeqa ykn yaada dhiyeessee jira.\nSeera kabajsisuuf tarkaanfii mootummaan fudhatu hundumaa Amnestiin akka dhiittaa mirga namoomaatti fudhata, gabaasichii loogii irraa walaba miti, odeeffannoo irratti rakkoo madaalii eeguu qaba, haala qabatamaa biyya keessaa hubannoo keessa kan galche miti, akkasumas dogoggora qaba, jedha mootummaan Itiyoophiyaa Qorataan Amnestii Fissahaa Taklee kanaaf deebiin kennaniin qeeqni dhiyaate tokko tokkoon kan lafa ka'amee waan hin taaneef jecha walitti qabee deebii kennuun ulfaataa dha ka jedhu ture. Mootummaan ala, gareelee hidhatanii sosso'an irra dirqamnii kabajuu mirga dhala namaa hin jiru.Yakka ittisuuf itti gaafatamni kan jiru mootummaa dha jedhanii yakka hojjachuu fi dhiittaan mirga namoomaa waan addaa tahuu dubbatan.Kanaaf yakka hojjatameef mootummaan tarkaanfii yoo fudhate, dhiittaa miraga namoomaa hin jedhamu. Yakki yeroo hojjatamuu mootummaan yoo callisee ilaale garuu dhiittaa mirga namoomaa waan ta'uuf itti gaafatamnis izaa kan mootummaa ta'a, jedhu – Qorataan Amnestii Internaashinaal kun. Shaashamannee, godiina Arsii, Baalee walii galaa keessatti jeeqamsa uumamee tureen namoonni ajjefamaniiru, kan jedhan qorataan kun gara gidduu galeessatti namoonni hiriira nagaa ba'an humnoota nageenyaa ka mootmmaan ajjeefamaniiru jedhu.\nNamoota 177tu ajjeeafame isa jedhu mootummaa irraa fudhanne. Qorannaa ofii keenyaa kan jalqabnee ta'us yeroo gabaabaa keessatti kan xumuramuu hin ta'u jechuun kan gareen Mirga dhala namaaf falmuu Amnestii Internashnaaliif qorataa ta'an Fissahaa Taklee gaaffii waahiila keenya Afaan Amaaraa Habtaamuu Siyyum waliin gaggeessan xumuranii jiru. Gabaasaa Guutuu Caqasaa No media source currently available
Midiyaan naannoo tokko akka gabaaseetti aangawoonni duraanii kun mana mootummaan kenneef keessa firottanii fi hojjattoota isaanii ka'aniiru jechuun mootummaan ibsee jira.
Fisehaan akka jedhanitti interneetii cufuun haasaa jibbiinsaa ittisuuf furmaata yeroofii ti, mootummaan komee biyya keessa jiruuf furmaata waarinsa qabu fiduu qaba jedhan jechuu dhaan Tsion Girma gabaasteetti.
No media source currently available
Haallii jiru tasgabii akka argatu kanneen kana keessaa harka qaban marti tarkaanfii haala kana hammeessan fudhachuu irraa akka of-qusataniif Antoniyoo Gutarrees gaafachuu isaanii dubbii himaan isaanii ibsanii jiru.
Godina Teeksaas magaala Hiwstan keessattis sirni yaadannoo artiis Haacaaluu bifa kanaan qophaahuu dargaggoon saganticha irratti hirmaate, Eebbaa Murtii Sagalee Ameerikaatif ibseera.
Guutummaa isaa caqasaa No media source currently available
Akkuma beekameen uummataaf ibsina jedhan.
Gama kaaniin Godiina shawaa Lixaa aanaa Ansaaroo keessatti namoonni 57 kanneen sirna awwaalcha nama Koronaan du'e irratti argaman adda baafamanii kaa'amuu ibsamee jira.
Kana malees, dabalataan ragaalee saatelaayitii, ragaalee hospitaalaa fi ragaalee ka biroo ilaaluu isaas dubbata.
No media source currently available
Dhimma kana irratti deebii argachuuf poolisii federaalaa fi waajjira Abbaa Alangee Federaalatti irra deddeebiin bilbilleyyuu kan deebii nuuf kennuuf eyyame hin arganne.
No media source currently available
Gaaffii fi deebii waliin geggeessine caqasaa No media source currently available No media source currently available
Yeroo vaayiresiin koronaa hammaatee namni harka wal qabuu sodaatu kanatti illee namoota hiyyeeyyii ta’an kanaaf nyaata raabsuuf bakkuma isaan jiran dhaqee nyaachisuu kan itti fufuu ta’uu isaaf gara fuula duraattis addaan kan hin kunne ta’uu nuuf ibseera Habataamuun.
Gabaasaa guutuu caqasaa No media source currently available
No media source currently available
Gabaasa Guutuu Caqasaa No media source currently available
No media source currently available
Gabaasaa guutuu caqasaa No media source currently available
Akka deemsii filannoolleen qajeelaa tahu waliin hojajchuu wal dhaqan.
No media source currently available
Gabaasa Guutuu Caqasaa No media source currently available
No media source currently available
Warra waan himataniin keessaaa itti gaafatamaa damee nagaa biyya keessaa INSA, ka tahe koloneel letenaal Biniyaam Teweldee Naannoo Somaaleetti itti gaafatmatuu dame haawwanii fi fi ijoollee, Rahimaa Mohaammad,naannoo Amaaraatti miseensa paartii ABN, Kiritiyaan Taaddelee fi abbaa qabeennaa Eermiyaas Amagala Leggesee fa.
No media source currently available
Dorogmmiin tun 14essoo wal drogommii ijoollee dubraa guddoo Amerikaa keesatti beekamtu.Akka kanaan guyyaa sadii keesastti marroo 3,600 caalaa fulaa 200 caalaa keessatti taphatan.Abbaa moohatu galgala kana beekan.
No media source currently available
Gabaasa Guutuu Caqasaa No media source currently available
No media source currently available
Gabaasaa guutuu caqasaa No media source currently available
No media source currently available
Muummeen Ministira Itiyoophiyaa Mootummaa Afrikaa Kibbaa lammiilee Itiyoophiyaa achi jiraniif waraqaa eyyama jireenyaa laatuuf gaafatan No media source currently available Daawwannaa isaanii Afriikaa torbee darbeen muummeen ministiraa Itiyoophiyaa Abiy Ahmed Afrikaa kibbaa daawwatanii gaggeessitoota biyyattii hedduu duuka mariyatanii jiru. Jimaata ka Afrikaa kibbaa gahan Abiy Ahmed, Prezdentii biyyattii Siiyril Romafoosaa waliin mariyatanii mootummaan Afriikaa kibbaa Jimaata darbe Afriikaa kibbaa daawwiif ka seenan muummen Ministiraa Itiyoophiyaa Abiy Ahmed Piriitooriyaatti Prezdentii biyyattii Siiyril Roomafoosaa waliin maree gaggeessanii jiru. Gaggeessitoonni lameen dhimmoota hedduurratti maree ka gaggeessan yoo tahu, dhumarrattis walii galteewwan waliif mallatteessuu Afriikaa Kibbaatti Ambaasaadderri Ityoophiyaa Shiferraaw Teklemaariyaam VOA’tti himaniiru. Walii galteen dosee lamaan qophaaye ka waliif mallatteessani tokko, angawoota mootummaa Itiyoophiyaa ykn Afriikaa Kibbaa ta’anii ka paaspoortii diploomaatii ykn ergama mootummaa harkaa qaban biyyoota lameenittuu VISA malee akkasumaan biyya walii akka seenani walii galteerra gahameera. Kanaanis qondalonni biyyoottan lameenii sichi walitti adeemuuf VISA hin gaafatamani jechaa dha. Walii galteen kaan ka gama Fayyaa fi Tuurizimiin mallatteeffameedha. Biyyoottan lameenuu gama kanaan cimina mataa isaanii qabuu, tokko kan itti badhaadhe kaan bira haqnquutu jira; fakkeenyaaf afriikaa kibbaa yoo ilaalle sekterrii tuurizimii galii guddaa biyyaaf akka argamsiisu ni beeknaa, Ka Itiyoophiyaammoo sekterri kun galii hagas jedhamu waan galchu miti. Kanaaf gama keenyaan qabeenya tuurizimii qabnu fayyadamuuf muuxannoo biyya kana jiru gargaaramuuf walii galtee karra nuuf banudhaa, jechuun dubbatu. Ambaasaadder Shiferraan mummeen Ministiraa Abiy yoo lama lammilee Itiyoophiyaa biyyas jiraatan waliin mariyachuus dubbatanii rakkoo eyyama jireenyaa Itiyoophiyaanonni qaban pirezdent Roomafoosaaf kaasuu himan.
Ambaasaadder Shiferraan mummeen Ministiraa Abiy yoo lama lammilee Itiyoophiyaa biyyas jiraatan waliin mariyachuus dubbatanii rakkoo eyyama jireenyaa Itiyoophiyaanonni qaban pirezdent Roomafoosaaf kaasuu himan. Dhimmi kuni gadi fageenyaan irratti mariyatame. Muummeen ministiraa Maandeellaa fakkeenya fudhatanii gaaffii lammilee Itiyoophiyaa dhiyeessan. Abbaa qabsoo fi abbaa Afriikaa kibbaa ka tahan Nelson Maandeellaaf Itiyoophiyaan paaspoortii kenniteefii leenjii waraanaas akka laatteef himanii, Itiyoophiyaan biyya oolmaa guddaa isiniif oolte jedhan. Dabalaniis gocha Itiyoophiyaan dur gaggeessaa keessaniif oolte lammilee Itiyoophiyaa biyyana jiraataniif mootummaan akka oolu gaafatani. Pirezdentiin biyyattiis dhimmi kun xiyyeeffannoo argatee akka deebii argatu dha ka waadaa seenan. Kanaafis koreen waajjira dhimma keessoo biyyanaa keessaa fi ka bakka bu’oota mootummaa Itiyoophiyaas hirmaachise hundaayee yeroo gabaabaa keessatti hojiitti akka seenu ka walii galame. Jedhan dabalanii yoo dubbatan. Ambaasaadder Shiferraan koreen kun turtii torbanootaa keessatti hojiisaa akka jalqabu dubbatanii jiru. Lammileen Itiyoophiyaa Afriikaa Kibbaa jiraatan hanqinni galmee fi eyyama jireenyaa ammaa nuuf yaaddoodha jedhu. Bakka bu’aaan hawaasa Oromoo Afriikaa kibbaa fi Itti Aanaa bakka bu’aa hawaasa Itiyoophiyaa Nawaawii Muusaa muummeen ministiraa gaaffii kana baqattootaaf gaafachuun waan gaariidha jedhan. Obbo Nawaawwiin gochi saamichaa lammilee biyya Alaa Afriikaa kibbaa jiraatan irratti fulbaana darbe mullatee ture amma gab jechuu dubbatanii, hanni dhumaa wagga keessumaa mudde keessa mullatu ture barana akka hin turre dubbatan. Muummeen Ministiraa Abiy Ahmed Afriikaa kibbaan dura Ikuwaatooriyaal Giinii ka daawwatan yoo ta’an yoosis pirezdentii biyyattii Tewoodooroo obiyaang Imbasoogoo waliin wal argaanii mariyatanii badhaasas harkaa fudhatanii turan. Abiy Ahmed Afriikaan Kibbaa sirna deemookraasiin buluu aansitee as gaggeessaa Itiyoophiyaa biyyattii daawwatedha isa jalqabaati.
Jara madaan itti hammaate wallaansaaf Naqamteetti dabarsan.
No media source currently available
No media source currently available MM Dr. Abiyyi Badhaasa Noobeelii Nagahaa Fudhatan Sirna har’a geggeessame irratti dura teessuun koree sanaa Beerit Raiyisaa Andersen akka jedhanitti badhaasi kun milkaa’ina isaan argatan kan nageenya Eertraa fi Itiyoophiyaa gidduutti bu’uu, Itiyoophiyaa keessatti walabummaan sivilii akka jajjabaatu akkasumas waaltaalee cimsuu dhaan dimokraasii babal’isuuf tattaaffii isaan godhan akkasumas gumaacha isaan araara biyyoota naannoo gaanfa Afriikaatti godhaniif kenname jedhan.
Gabaasaa guutuu caqasaa No media source currently available
‘Baqattoonni Lammiin Itiyoophiyaa Kuma Lamaa Ol Biyyatti Deebi’uuf Galmaa’aniiru’ UNHCR Damee Keeniyaa Lammilee Itiyoophiyaa baqattummaan keeniyaa jiraatan kuma 27 keessaa kumni 4 fi dhibbi 5 biyya isaaniitti deebi’uuf fedha qabu jedhe jaarmayaan baqattootaa UNHCR. Dhaabbitichi akka Sagalee Ameerikaaf beeksisetti hojii galmee warra biyyatti deebi’uu barbaadu galmeessuu haga yoonaa gaggeeffameen baqattoonni kuma 2 fi dhibba 2 galmaawuu beeksise. Rooz Ogoolaa Itti Aantuun Dubbi himtuu UNHCR ka damee Keeniyaa, baqattoonni kun murtee kanarra ka gahan dhiyeenya dhaabbatichi mootummaa Keeniyaa fi Imbaasii Itiyophiyaa Keeniyaa jiru waliin maree erga taasisaniin booda jedhan. No media source currently available Qaamoleen sadeen; jechuun UNHCR, Imbaasii Itiyoophiyaa Keeniyaa jiruu fi mootummaan keeniyaa baqattoota buufata baqattoota Kaakumaa fi Dadaab jiran duuka maree erga gaggeessaniin as Naayroobiitti walii galtee baqattota kana biyyatti galchuu waliif mallatteessanii turan. Waa’ee wal gahii Dadaabitti gaggeeffamee turee bakka bu’aa hawaasa baqattoota Oromoo Dadaab gaafatamanii bakka bu’oonni UNHCR, Mootummaa Keeniyaa fi Imbaasii Itiyoophiyaa baqattoota galuu fedhu duuka maree taasisanii warri galuu fedhan galmaa’aa jiraachuu dubbatan. Ammas Baqataan Abdii Qabu’ Baqattoota Baqaan Ganna Dheeraa Jiraachuun Dhiibbaa Maal Qaba? Haala baqattoota Dadaab yoo himanis bakka bu’aan kun baqattoonni filannoo waan dhabaniif ofirra deebi’anii akka galaniif dirqisiifamuu hin hafnee jedhu. Baqattoonni Kaakumaa jiraatan garuu mareen gahaan baqattoota fi UNHCR, Imbaasii Itiyoophiyaa fi Mootiummaa keeniyaa jidduutti hin taasifamnee jedhu. Obbo Jundii mohaammed jiraataan kaakumaa namni akka bakka bu’aatti dhufee gaggeessitoota hawaasaatiin mariyate hin jiru jedhan. Dhuunfaatti garuu baqattoonni biyyatti deebi’uu fedhan maree gaggeessuu maluu jedhan dabalanii yoo ibsan. Baqattoonni Itiyoophiyaaa amma maaliif biyyatti hin deebinee jechaan gaafatamaniis ‘amma haalli biyya keessaa nageenya amansiisaa miti’ jechuun deebii kennani.
Baqattoonni Itiyoophiyaaa amma maaliif biyyatti hin deebinee jechaan gaafatamaniis ‘amma haalli biyya keessaa nageenya amansiisaa miti’ jechuun deebii kennani. Buufata Baqataa Keessatti Hojjetanii Ofiin Of Bulchuu’ – Baqattoota Oromoo Dadaab Jiraatan ‘Haga rabbiin na jiraachise jiraadhee sanaan booda waanuma dhufu eeggadha’ Miseensa Paartii KFO, Dhadhaab Keessa ganna 10 jiraate Baqattoonni Itiyoophiyaa warri biyyatti deebi’uuf fedhan garuu, UNHCR fi mootummaan Itiyoophiyaaa biyyarraa baqannee waan turaniif gama diinagdeen nu gargaaruu qabu, nageenya amansiisaas bakka isaan qubachiisutti eegsisuu qabaa jechuun gaafatu. Itti Aantuun dubbi himtuu UNHCR ka dame Keeniyaa Rooz Ogoolaa mamii baqattootaa kanaaf deebisanii jiru. Lammilee Itiyoophiyaa deebi’uu fedhaniif baasiin geejjibaa akkasumas biyya gahanii haga of danda’anii dhaabbatanitti gargaarsi ni taasifamaaf jedhan. Mrs. Ogoolaan warri galuuf galmaaye torban keessatti biyyatti ni deebi’aa jechaan himanii kaan ka galuuf hin feene mmoo mootummaan keeniyaa mirga koolu galtummaa gafachuu isaanii eegee akkuma duraanii isaan jiraachisa jedhan.
Carraaqqiin sun milkaa’ee kaleessa wal-dhabdeen barattoota gidduu kaleessa araaraan furamuu isaa dubbate.
No media source currently available
Daraaraa Ximootiyoos Gubboo Amerikaatti Bulchiinsa Magaalaa Kilaarkison Keessatti Filatamuuf Dorogmuutti Jira No media source currently available Kilaarksion Amerikaa godina Joorjiyaa keessa jirti. Nama kuma 13 caalaati itti qubatee keessa jiraata. Daraaraan nama barumsa seera addunyaatiin barnoota PhD qabu.Nama jahatti magaalaa Kilaarkisen bulchufu dorgomuutti jira sadii keessaa filan. Namii dorgomu tokko nama Eeritiraati. Namii lama ka duruu lafa tana bulche,name afur ammo ohaaraa.Daraaraan waan hedduu jijjiiruuf hojjachuutti jira Mana Jireennaa Joorjiyaa Kilaarkisenitti gatiin manaa akak amalee dabalte. “Nama humna qabu malee jiraachuun dhiba,” carraa jiru akka iyyeessileen mana bitachuu dandahu faluuf hojjadha jedha. Hujii Poolsii Kilaarkisen keessa akka Daraaraan jedhetti nama biyya 40 caalaatti keessa jiraata. Hujii poolisii keessa ammo namii biyya alaa diqqaatit keessa jira. “Akka namii alaa dhufelleen hujii poolisii keessatti heddatu hojjadha.” Mirga baqataa Baqataan Amerikaa mirga ufii hedduu hin beeku jedha. Akka baqataan waan isaa malee ykn carraa jiru beeku mirga baqataaf Immigration rights qabdi. “Amerikaan carraa hedudu qabdii akka namii mirga ufii beeku jabeessuu fedha.” Daraaraan Itoophiyaa fi Ameriakalleeti seera barate barumsa doktorummaa mirga namaa doctor of human rights qaba. Namuu waan dhalateef qabaa waan jiraatuuf qaba jedhee “Akka ani amanutti Waaqii nama mirga dhabee akka ani dhaabadhu akka ani hiyyeessaa fi dadhabaa dubbahcuu dandahu na yaame jedhee amana.” Namii filannoo Amerikaa bulchiinsa magaalaatii dorgomuutti jiru ka dhibiin akka Daraaraan jedhetti Taakkele Goobanaa, Seattle magaalaa Washington dorogma. Namii dhibiin Daraaraa waliin dorgomuutti jiru lammii Eertiraa, Iyyaasuu Hawaar. Dhaamsa Daraaraa Akka Dr.,Daraaraan jedhetti Amerikaatti namuu yaada namii faayidaa keessaa aragatu ka biyyaan jijjiiru qabaannaan waan fedhe tahuu dandha.
Dhaamsa Daraaraa Akka Dr.,Daraaraan jedhetti Amerikaatti namuu yaada namii faayidaa keessaa aragatu ka biyyaan jijjiiru qabaannaan waan fedhe tahuu dandha. “Tana tolchuuf yaada keessan dhiyeeffadhaa hin sodaatinaa duratti deemaa. Waaqii isan gargaarinna.”
Gabaasaa guutuu caqasaa No media source currently available
No media source currently available
Raayyaan ittisa biyyaa magaalatti eega to’atee booda nagaan hangi tokko argamee jira.Polisiin midhaa dhaqqabe adda baasee baruuf garee tokko hundeessuun ibsamee Waldaa Kristaanaa fi masjiidin magaalatti keessaa eegumsa bifa jabaateen itti fufuu isaa polisii magaalaa irraa saajin Hajii ibsanii jiru.Har’a garu nagaan oollee jedhan.
No media source currently available
Badhaasi doolaara kuma 900 Muddee 10 Osloo keessatti kennamuuf jira.
Ajjeechaa Gujii fi Rakkoo Nageenyaa Jiraattota Miidhaa Jiru Jiraattonni Gujii Bahaa Aanaa Gooroo Doolaa raayyaan ittisa biyyaa hojii nageenya naannoo kabachiisu jimaata dabre kana aanichatti namoota sadii ajjeeseera jedhu. Jiraataan Gooro Doolaa maqaan isaanii akka dhahamu hin feene tokko namootni kun jalqaba torbee darbee toa’annaa jela erga oolfamanii booda mana hidhaa keessaa baafamanii ajjeefaman jedhu. No media source currently available Jiraataan kun dabalanii waa’ee namoota ajjeefaman jedhanii yoo himani, tokko obbo Dhaddacha Mi’eessaa, lammeen dargaggeessa ganna 15 Abdullaahii Goluu jedhamuu fi barataa kutaa 10 Kattee Uturaa tahuu himan. Warra kana sadeen keessaa Abdullaahii Goluu obboleessi isaa tokko warra maqaa WBO’n naannoo keessa socho’u keessa waan jiruuf tarkaanfiin kun irratti fudhatamuu hin hafne jedhu. Namoota sadeen ajjeefaman jedhame kanattis dabalata namootni hedduun Gooro Doolaatti guyyuma kana hidhamanii to’annaa poolisii jela jiruu jechuun dubbatu. ‘warra ajjeefame kana namni isaan awwaale hin jiru, ajjeesanii goodaatti darban; sana booda warra ollaa turaniin biyyee itti deebisaa jedhan firrillee bahee hin awwaalle.’ Jiraataa ganda Raaroo Jiraattonni waa’ee nageenya naannoo Gujii jiru ilaalchisee ammas nageenyi amansiisaa jedhamu hin jiru jedhu. Kanaafis kan komatan qaamoleen lamaan hawaasa jidduutti lola gaggeessaa jiraachuu isaaniiti. Obbo Boggaaleen jiraataa Gujii Lixaa Aanaa Bulee Horaati. Humni maqaa WBO’n Gujii keessa socho’u odoo wal gahii hojii gamtaa qonnaan bultoota naannoo Gujii Bulee hora gaggeessan isaan butuu himan. ‘Warri maqaa WBO’n hidhatee wal gahii gubbaa utuu jirruu dhufanii nu marsanii dhukaasanii, naan na fuudhanii deeman, sana booda guyyaa 24 na hidhanii meeshaa fi qarshii na harka ture na harkaa fuudhanii boodarra lakkifame’ Obbo Boggaalee; jiraataa Bulee Horaa Obbo Boggaaleen sababa to’annoo jela oolfamaniif yoo dubbatan; wal gahii qonnaan bultootaa waamuu fi darbees wal gahii kaan Shaashamanneerratti yaamame dhaqee hirmaachuu isaaniitiif tahuu himu.
‘Warri maqaa WBO’n hidhatee wal gahii gubbaa utuu jirruu dhufanii nu marsanii dhukaasanii, naan na fuudhanii deeman, sana booda guyyaa 24 na hidhanii meeshaa fi qarshii na harka ture na harkaa fuudhanii boodarra lakkifame’ Obbo Boggaalee; jiraataa Bulee Horaa Obbo Boggaaleen sababa to’annoo jela oolfamaniif yoo dubbatan; wal gahii qonnaan bultootaa waamuu fi darbees wal gahii kaan Shaashamanneerratti yaamame dhaqee hirmaachuu isaaniitiif tahuu himu. Jiraattonni yaada isaanii VOA’f kennan ammas maqaa WBO’n naannoo Gujii keessa ka socho’an hidhattoonni namootarraan miidhaa geessisaa jiruu jechuun komatu. Himata dhiyaatu kana garuu Itti Aanaan Ajajaa ‘WBO’ Gujii Bahaa ta’uu kan himan Waaqumsaa Guutuu haalanii jiru. ‘Waraanni Bilisummaa Oromoo saba falmuuf irraan miidhaa hin geessisu; kun soba.’ Waaqumsaa Guutuu Ajajaaa WBO Gujii Bahaa Obbo Waaqumsaan wal waraansa humna naga kabachiiftota mootummaa duuka taasifne jedhan irratti warra boojine jedhan miseensota raayyaa ittisa biyyaa fi kaan nagaatiin qe’ee isaaniitti deebisneerras jechaan himanii, ammas wal waraansi qaama nageenya mootummaa fi humna isaan gaggeessan jidduutti gaggeeffamaa jiraachuu dubbatu. Waa’ee dhimma wal walraansa WBO fi Raayya Ittisa Biyyaa, darbees ajjeechaa jimaata darbe Gujii Bahaa Aanaa Gooroo Doolaatti raawwatamuu himame ilaalchisuun biiroon bulchiinsa fi nageenyaa Oromiyaa gaafatamee deebii kenneera. Waajjirichatti Itti Aanaa Hooggnaa ka ta’an Koloneel Abbebee Garasuu, ajjeefamuu namoota kanaa quba hin qabuu jechaan Sagalee Ameerikaaf himan. Koloneel Abbebeen raayyaan ittisa biyyaa tarkaanfii yoo fudhatu waajjirri isaanii akka hordofu himanii dogongorri yoo uumamus walumaan sirreessinaa jedhu. Amma haalli nageenyaa foyya’aa akka jiru, humni nageenyaa ka mootummaa Oromiyaas hojii nagaa kabachisuu kana hordofaa jiraachuu himanii, haa ta’u male ammas gandoota baadiyyaa godinaalee gujii lameen, Wallaggaa fi Boorana tokko tokko keessa ammas haalli nageenyaa amansiisaa ta’e hin jiru jechuun dubbatanii jiru. Waan Ajajaan WBO miseensota raayya ittisa biyyaa dabalatee namoota 200 boojine qe’eef deebifneerra jedhan garuu ‘Soba’ jedhanii jiru.
No media source currently available
Obbo Guyyoon gochi wal fakkaatu Aanaa Areerootti kanaan durallee dhaqqabuu himanii jiru.
Gaaffilee uummata biraa ka’an kan bu’uura misoomaa qorannoodhaan akka furamuuf Dr. Abiyyi kallattii kaa’uu isaanii Yonataan Zabdiwoos gabaaasee jira.
Gabaasaa guutuu caqasaa No media source currently available
No media source currently available
Warrii lafaa 'dhukkuba ttiittee’ jedha bulchiinsii ammoo ‘sandfly' jedha Booranaa, aanaa Dillootti nama hedduutti dhibamee hospitaala jira No media source currently available Godian Booranaa aanaa Dilloo keessaa nama hedduutti akimiif Yaaballotti yaa’uutti jira. Akka nami hagii tokko jedhutti nama 100 caalutti dhukkuba dhiba biinii fakkaataa fakkaata jedhan kana ufi irratti arge. Ka kanaan lubbuu dhabelleen hinuma jira jedhan. Dhukkubii kun akka itti gaafatamaan biiroo fayyaa godina Booranaa aabba Rooba Dheengee jedhutti biinnii fakkaata. Aanaa Dilloo keessallee fulaa bisaan maashinaa jiran,Alaa Booraa keessa nama hedduutti dhibame.Goollciha Diidaa gurbaa mana ganna 20 keessa jiru. Ganna ganna 8n duratti dhiba kana ufi irratti arge gaafas namii hurrisee hin akimannee nama hedduutti lubbuu dhabe jedha. Baranallee dhibii kun itti deebi’ullee ufi ya qulqullaahee fayya.Taatullee hospitaaluma Yaaballotti obboleeyyan isaa lama akimsiisuutt jira. Haga guyyaa 28 asi hospitaaluma kana jiraa jedha. Akka jecha isaatti nama 4tti dhiba kanaan lubbuu dhabe.“Amma 68 waliin hospitaala Yaaballoo jirra. Namii asi jiru roobaan jireessa.Namii Magaadoo akkana dhufuutti jira.” Dhiba kanaan nama hedduutti dhufaa akimachaa wal irraa galuutti jira.Milkikeetii nama dhiba ‘tiittee gurraahcaa ykn sand fly fuudhee akka Diidii jedhutti Akka itti gaafatamaan biiroo fayyaa godinaa,aabba Rooba Dheengee jedhutti dhibii kun kooticha goggoe keessaa gadi yaa’a. Wannii akka tiittee kun halkan nama nyaatti.Akka Diidii jedhutti womatti mimmiyoo namatti buusaa hin arganillee.Waan akkanumatti nama gadi jigu fakkaata. “Baatirii itti ibsanillee hin argan.” Warrii akimii ammoo ‘DL’ jedhaa yoo akimatan hinuma fayyan jedha. “Dhibii kun duriillee 1,2,3 jira amma ammoo hedduutit jira,” jedha aabba Rooba Dheengee.Dhibii kun dhiba gammoojjii “neglected tropic disease” jedha keessa jira.
“Dhibii kun duriillee 1,2,3 jira amma ammoo hedduutit jira,” jedha aabba Rooba Dheengee.Dhibii kun dhiba gammoojjii “neglected tropic disease” jedha keessa jira. Nama hedduutt dhiba ‘ttiitee gurraahcaa’ jedhee akimate gale. Taatullee ammatti wannii laabratoorii mirkanaahe hin jiru jedhan. Namii dhiba akkanaa kana akimate gale akka aabba Rooba Dheengee jedhetti Adoolessa keessa nama 52. Biiroon Fayyaa Godina Booranaa dhiba kana 'tiittee gurraachaa' kana faluuf “Namii tanaan dhaabbilee fayyaatti lubbuu dhabe hin jiru,” akka Biiroon Fayyaa Godina Boornaa jedhutti. Waan dhiba kanaa ammoo qorachumatti jiran.
Hojiin Warqee Baasuu Jalqabamuuf Jira: Angawaa Godina Wallagga Lixaa Aanaa Ganjiitti Invastimantiin oomisha Warqee Doolaara Ameerika miliyoona 2miliyoona 18 ol tahu hojii eegaluufi jedhan Bulchaan Godinichaa Obbo Eliyaas Uummataa.\n\nPiroojektiin kun ji’oota sadii booda hojii yeroo eegalu Namoota baratanii fi hin baratin Kuma 10 caalaniif carraa hojii uuma jedhan.\n\nCarraa kanaan Aanichi ammoo bu’uuraaleen misoomaa garaagaraa ni ijaaramaa jiru jedhan.\n\nWaliigalteen Kaampaanii Mootummaa Ingilizii KEEFI jedhamuu fi Itoophiyaa jidduutti mallattaa’een gaheen biyyattii dhibbantaa 25 qofaa tahuus himaniiru:\n\nNaakoor Malkaa gabaasa qaba No media source currently available
No media source currently available
Caqasaa No media source currently available
No media source currently available
Gabaasaalee lameen duraa fi booda caqasaa.
Gabaasaa guutuu caqasaa No media source currently available
No media source currently available
Gabaasaa guutuu caqasaa No media source currently available
Gabaasa Naakoor Malkaa Caqasaa No media source currently available
Ibsee dira godina Booranaa,Yaaballotti dhaamaa ooltee bultuun namii hujii dhabuutti jira "addunyaayyuu quba qabaachuutti hin jirru” No media source currently available Yaa’abal’aa ykn Yaaballo teessoo godina Booranaa namii kuma kurnya hedduu keessa jiraatu. Waan isiin rakkachuuniitti jrtu keessaa tokko ibsee.Warrii lafaa rakkoo tana dhindhinfatee nyalee dubbata. “Ammuma dhuftee ammuma baddii. Walumattuu torbaan kana lamaan haga isiin baddetti caala.” Aabba Huqqaa Garsee jaarsa lafaati. Ibseen akkana dhadhaamtu mi’a elektirooniks nama irraa guggubuutti jirtijirti “sodaannee guddoollee media hin laallu.” Yoo ibseen baddu ibseen dhaamtu bisaanilleen walumaan badan “wannii ibsee waan naminuu dubbatuunitiiyyuu,” jedha. Akka jecha aabba Huqaatti guyyaan ibseen halkanii fi guyyaa walti dhaamtu hedduu muummee hin qamne. Ijoolleen hujii uumatanii wa hojjachuuf waldaa ‘Imaaxaa’ jalatti jaaraman sibiilaa fi muka hojjachaa jiraatan ibseen waan dhaabbuu hin qamneef hujii dhaban. “Sagalee firiijiitti qabbaneeffachuu hin dandeettuu isumaa shaamaa bitannee idaa dhibii ufitti darra.” Halkan wa dubbisuu komputeraan wa hojjachuu hin dandahan. Tana caalaatti ammoo neetwoorkii dhabani namaan wal haasahuunuu dhiba guddaa. “Dukkanuma harka naquutti jirra, abboo.” Lafa dhibiilleen rakkoo ibseen jiraattullee ta akka Booranaa arginee hin beennu jedha, aabba Huqqaan. Ibseen Yaaballoo Bulee Horaatii dhufti waajjirii guddaan ibsee Itoophiyaa gama kibbaa Hawaasaa jiraa Bulee Horaatti dabarsa. Itoophiyaan Keenyaan qaxxaamurtee Afrikaa gama Bahaatti ibsee gurgurachuuf hujiitti jirti. Karaan gugurdaan ibsee Itoophiyaa gama Kibbaa Arbaa Minicii dhufee,Konsoon qaxxaamuree,Boorana gama Waalmaliitn taakkee,Magaadoo keessa bahee Soloolo fi Forooletti taakka.
Karaan gugurdaan ibsee Itoophiyaa gama Kibbaa Arbaa Minicii dhufee,Konsoon qaxxaamuree,Boorana gama Waalmaliitn taakkee,Magaadoo keessa bahee Soloolo fi Forooletti taakka. Warri karaan isiin keessa baatu tana irraa ammatti womaa hin argatu.Aabba Jaatanii Diidaa ibseen Yaaballoo guddoo nu makarsite jedha. “Baankiin tanaa jettee cufaa oolti.Ibseen tun yoo Bulee Horaa dabartu baddi. Oduu quba qabaachuuf,dorgommii ispoortii daawwachuuf, haasaa biyyaa caqasuu dandahuutti hin jirru gaafa ganna haaraa fa womaayyuu caqasuu hin dandeenu,”jedha. Gaafa Qooqaan hin jirree fi gaafa isa gadi dhiisanillee Yaaballoo rakkoo ibsee jalaa hin baane. "Takkumaa rakko ibsee jalaa hin baane hardhallee namii shaamaa,faanosaa fi ibsee bobeeffata.” Taatullee akka abdiitti jira. Buufata ykn station ibsee Yaaballotti jaaruutti jiran.Yoo akkuma jedhan hurrisee dhumte tunuu goomittaa. Akka warrii lafaa jedhutti hujiin tun akka dansaa deemuutti jirtii namii halkanii fi guyyaa hojjata. Amma haga karaa Areerootti karaa ibsee ya diriirisan. “Dhuma ji’a kana irratti hujiin dhumattee aanalee ibseen hin qamnee galchuuf hujiitti jiran.” Yaaballoo lafa mirgaa bitaan gaaraati. Durii yaa’a Booranaa guddaatti achi taa’a. Achumaan Yaabal’aa taate.
Itiyoophiyaan Waggaa Tokko Keessatti Walabummaa Preesiif Balbala Saaquun Bakka Turte Irraa Sadarkaa 40 Ol Tarkaanfatte, Jedhame Sadarkaa Ol’aanaatti Ayyaaneffannaa Guyyaa Walabummaa Preesii magaalaa Finfinneetti geggeessame irratti kanneen haasawa dhageessisan, Itiyoophiyaan yeroo gabaabaa keessatti gama uggura sabaa himaa irra ture jijjiiruu ishee faarsan. Bara dabre kana, yeroo Addunyaa irratti gaazzexeessonni gara dhibba tokkoo ajjeesamanii fi gara dhibba sadii mana hidhaa jiranitti, bakka jijjiiramni guddaan ni taaha jedhamee itti hin eegamiin Itiyoophiyaa keessatti jijjiiramni argamuun, hafuura abdii gaarii uumee jira. Sirna kabajaa Ayyaana Walabuymmaa Preesii Addunyaa Itiyoophiyaa keessatti ayyaaneffametti hirmaachuuf, UNESCOn afeeraman – gaazzexeessaan biyya Paakistaan Hamiid Miir, kana ilaalchisuun ennaa dubbatu, “Kun anaaf ajaa’ibaa guddaa dha. Waggaa tokko dura, bara 2018 Itiyoophiyaan biyya itti gaazzexeessonni mana hidhaa jiranii fi gaazzesxaalee fi marsariitiileen ugguraman turte. Muummichi-ministaraa Abiyyi Ahimed yeroo taayitaatti dhufanitti, miidiyaa walaba taasisan. Hidhamtoota siyaasaa ni hiiksisan, gaazzexeessonni hedduun ni hiikaman. Kanaaf, UNESCO, Konferensii Walabummaa Preesii Addunyaa Itiyoophiyaa keessatti geggeessuuf murteessuun isaa baay’ee sirrii dha. Kanaaf, ittan hirmaadha, jedheen simadhee dhufe,” jedhe. Itiyoophiyaa keessatti jijjiiramni siyaasaa guddaan taasisame iyyuu, waggaa dabre danqaalee hedduu tu ture. Baatiilee dabran keessa hookkarri sab-lammummaatti fuuleffate biyyattii tasgabii dhorke. Lakkoobsi namoota biyyattii keessatti qehee ofii irraa buqqa’anii miliyoona sadii gahee jira. Miliyoonni tokko eega Muummichi-ministaraa Abiyyi taayitaa qabatanii as kanneen buqqa’ani. Muummichi-ministaraa Abiyyi kana ilaalchisuun ennaa dubbatan, nagaa fi tasgabbii biyyattii kanneen yaaddoo keessa buusan keessaa tokko, “sabaa-himaalee itti gaafatamummaan itti hin dhaga’amne” jedhan.
Muummichi-ministaraa Abiyyi kana ilaalchisuun ennaa dubbatan, nagaa fi tasgabbii biyyattii kanneen yaaddoo keessa buusan keessaa tokko, “sabaa-himaalee itti gaafatamummaan itti hin dhaga’amne” jedhan. Ayyaana walabummaa Preesii Finfinneetti geggessame tokko irratti ennaa dubbatan, akka hundinuu itti gaafatamummaan hojjetu waamicha godhan. “Dhaabbatoonni miidiyaa fi gaazzexeessonni biyya keenyaa, haala dandeessisaa ammaa uumame kanatti gargaaramuudhaan, akkaataa itti gaafatamummaa qabuun sagalee fi qalama isaaniitti fayyadamuu qaban. Miidiyaadhaaf dirreen walaba tahe banamuun, oduu dogoggoraa, haasaa jijjinsaa fi oduu sobaaf haala miijessuu akka hin ta’iin hubatamuu qaba,” jedhan – Muummichi-ministaraa Abiyyi Ahimed.
No media source currently available
Taphii kun Waxabajjii 21 jalqaban Adoolessa dhuma.Ijoolleen Afrikaa kilaboota Awurooppaa keessaa taphatanillee gaafasitti boqonnaa waan qabaniif tapha kanaaf dhufuu dandahan.
No media source currently available
Karrayyuu bonii itti jabaatee, wal dhabii daangaa itti dabalamee, namii akka hamaa jira artistootii Oromoo achi dhaqanilleen sunuma argan No media source currently available Horii huqqatee gabayaa hin qabu,namii ammoo jireennii itti jabaatee waan buluun hin qabu,jireennii Karrayyuu akka warrii achi dhaqee argee fi warrii lafaa jedhutti jireenna jajjabaa. Karrayyuun warra horiiti. Lafti gamuma gamaan itti dhiphattee namaa fi horiin waan hedduun dhibamuutti jira. Waan biyya dhibuutti jiraa keessaa tokko,bona. “Horiin qaqallatee laftii aduu biyya aii malee margii hin jiru,” jedha artisti Waaqoo Calloo dhiyoo tana miilota isaa waliin achii dhaqee gale. Jijjiiramii qilleensaalleen waan Karrayyuutti jireenna jajjabeessuutti jiru keessaa tokko. Horiin Karrayyuu durii bisaan Boorataa Leedii Roobaa dhuga.Bisaan sun amma wal dhaba daarii naannoo Amaaraa irraa dhufeen dhuguun dhiba taate. Haroon HinQuuftuulleen fulaa durii silaa bisaan keessaa dhugan sunilleen amma tahuutti hin jirtu. Artistootii Oromoo nami akka Waaqoo Calloo,Sayyoo Dandahaa,Fayyisaa Furii,Jalko Qasarii fi Ibroo faatillee aanaa Fantaallee keessaa lafa akka Qararrii Barruu,Ollaa Abbaa Kulaa dhaqanii laalanii jireenna namatti jabaate argan.“Horiin foon qabaatee maallaqa hin baasu.” Artistotoii tun “Lammiin lammif” jedhanii jara kana dhaqanii laalanii diqqaattullee garaarsa wayiillee harkatti qabataniif. “Rakkoon Karayyuu bisaanii fi qoonqoo.Foon qabaate hin gurguratan. Mana gaaddisa citaa hin qamen keessa jiraatan.” Artistootii tun waan achitti argan walti haasahuuf Finfinnee wal yaaman. Warra marii sun keessa jiru keessaa tokko Caaltuu Butoo. “Namii beekaa rafe adoo yaamanillee hin dhagahu .Rakkoo Karrayyuu adoo arganii walti callisuutti mumullata.” jetti. Wal dhabanii gama daarii Karrayyuutiin daarii Oromiyaatii fi naannoo Amaaraa irraa dhiyoo mumullatullee akka artistootii jedhanitti nama hedduu baqachiis.
Wal dhabanii gama daarii Karrayyuutiin daarii Oromiyaatii fi naannoo Amaaraa irraa dhiyoo mumullatullee akka artistootii jedhanitti nama hedduu baqachiis. “Rooba Waaqatatti namaa dhufanii waraana ammoo namatti uume.” Artistootii tun ‘dirqama qamna” jedhaii rakkataa gargaaruutti jiran.
No media source currently available
Gabaasaa Naakor Malkaa caqasaa No media source currently available
No media source currently available
Gaaffii fi deebii geggeessine caqasaa.
Walumuattuu yoo deebisan akka oduu waajjirii muummee ministeraatti Dr. Abiy imaltuu tanaan jijjiirama Itoophiyaan itti jirtuu fi karoora isii irratti nama hedduun wal mari’ate.
No media source currently available
Gabaasaa Naakor Malkaa caqasaa.
No media source currently available
“Dorgommiin akkanaa qaama cimsee,sammuu qaroomsa,” jedha.
No media source currently available
Bulchiinsa naannoo Amaaraa keessaa namnii kuma sadii bulchiinsa naannoo Beneshaangul Gumuuz 188 caalaa akkasumas bulchiinsa naannoo Gaambeellaa keessaa 370 caalaatu sababaa waggaa haaraan dhiifamaan gadhiifame.
Yaa'ii tokkumaa fi Ijaarsa Oromoo kana tokkumaa Abbootii Gadaa fi Hayyotaa Oromootti Sanbata darbe Finffineetti qophaaheesse.
No media source currently available
Yaaddoo nageenyaaf jecha namoonni hedduun naannoo Sanaa baqachuu itti gaafatamtuun kun beeksisaniiru.
Omn ya biyyatti gale nama kuma kurnya hedduutti eebbaa fi Jawaar Mohaammad simachuuf Finfinneetti wal gahe "Oromiyaa guddisuutti itti aana" No media source currently available Kalee Hagayya 5,2018 nama kuma kurnya hedduu Oromiyaa keessaa walti dhufetti Omn (Oromia Media Network) eebbisuu fi daarkter Omn Jawaar Mohaammad simatee yooyyifachuuf Finfinnee galma Barkumeetti walti dhufe. Akka warrii qophii tana keessa oole jedhetti simannaa tanaa fi karaa Diida Xuyyura Booleeti haga hoteelii gareen Omn qaban,Ililltti karaan cufaa. Gareen Omn qophii eebbaa fi simannaa OMN fi Jawaaar Mohaammad galma walgahii Barkumee irraa bahainii jennaan hardha Gincii fi Amboo oolan. Jawaar ulfinna ijoollee ganna 4n dabre rakkoo mormiin wal qabateen dhumaniif miila duwwaa deemee,biqiltuu dhaabee.istaadiyoomii Amboolleetti ummataa haasaa tolche. Eebbaa fi simannaa Jawaar Mohaammad irratti nama kuma 25 caaluutti galma walgahii Barkumeetti wal gahee jedha warrii tana qopheesse. Qophii galma Barkuma Abbaa Gadaatii fi abbootii amantitti lafaa fi gubbaa walti eebbisee jalqabe. Qamara Yuusufitti Jawaar simatee Oromiyaalee itti faarse. Biyyyaa abbaa kiyyaa… Daarketer Boordii OMN obboo Kitaabaa Margaa ganna 40n duubatti Itoophiyaatti deebi'ee jedhe. Waggaa 4 huji kana tolaan hojjachaan bahe.OMN harka guddaan Oromoo biyya alaatti utubee asiin gahee kunoon asiin geennee nurraa fuudhaa jedhee itti dhaame. “Daahima waliin kunuunsinee guddisnee asiin geenyee nurraa fuudhaa,” jedhe dhaamsa pirezidaanti OMN Dr., Ahmed Gaclhuu itti dhaamne obboo Kitaabaan. “Nuti hamma humna keenna asiin geenyee hardha irraa jalqabee akka nurraa fudhatan kabjaan isan gaafanna,” jedhee dabale obboo Kitaabaan. Itti gaafatamaan Biiroo Koominikeeshiinii Mootummaa Naannoo Amaaraa obboo Nigusuu Xilahun ammoo OMN fi Jawaarii "baga biyya teessanitti nagaan galtan" jedhee faaydaa OMN ummataa bahee fi faaydaa jaalaltii Amaaraa fi Oromoo fiddellee dubbate.
Jawaar: “kun jaala keessan ka qabsooti... taankii teenna” jedhee komputera laptop ufii ganna afur isaniin wal qunnamaa ture" jedhe muuziyeemii keessa keeyyadhaa jedhee mallattoo Oromummaatii fi obboleeyyummaatiif,jedhee pirezidaanti Oromiyaa, Lammaa Magarsaatti kenne Obboo Lemmaa Magarsaa dubbii dubbate keessatti akka injifannoon Oromoon argatte harkaa hin baane dhaamate. Jawaar: Tarsiimoon masakamnee, tokkummaa jabeeffannee asi geenyee.. jabeeffadhaa Oromiaa misoomaan guddisaa" jedhee dhaamate. Taatullee Gaafiin Oromoo cuftii deebite jechuu miti jedhe itti dabale. “Injifannoo argane taajyita harkatti galfatanne hidda qabsiisuun boqonnaa qabsoo itti aantu taha. Omn,Oromia Meida Network ganna 4n duratti dubbi Oromoo first ,Oromoo durfanna jettuu irraa kahee amma asi gahee afaan jahaan oduu addunyaatti himuutti jira. Oromoiyaa misoomsuu, guddisuu fi madda demkiraasii itti dagaagu tahu qaba.Oromiyaa tasgabbeessuu barbaachisaa.Dinagee guddifachuu qamna.” Ummataan ammoo kubbaa Qeeroon isanti kennite jabeeffadhaa jedheen. Pirezidaanti Lammaalleen akka Oromoon wal dhageettii,tokkummaa fi qalbiin injifannoo argatte jabaaffattu dhaamate. Waan Jawaar obboo Lemmaan jaje keessaa dhaaba OPDO keessatti humna jijjirama haaromsuu fi Oromiyaa asi gahu fa. Bulchaa magaalaa Finfinnee obboo Taaklee Uumaatiin ammoo "ibidda jijjiirmaa maasteri pilaanii Finfinnee qabsiisee kibriita Oromoo," jedhee faarse Jawaar. Gumii Abbootii Gadaa Oromootiin ammoo eennummaa Oormoo gadi dhaabanii Gadaa Oromoo deebisan jedheen. Achii ammoo Galaansaa Gaaromsaatti rraa fuudhee “aadaa baddetti gale’ jedhee maaykii bute. Ittihiiqaa Tafarii ammoo Si bardoolaa laataa akka leenca bosnaatti jehee Saaqii Saanqaa ufiitti dabre Lataa Qanahii taraffi jedhetti waltajjii irra bu’ee: Qarreen sun addaattee ga, Dabaraeen na geessee kaa, Tarreen na fakkaattee kaa, Hin dabarsu tarree koo,nan amana laphee jechaa itti oofe.
Ittihiiqaa Tafarii ammoo Si bardoolaa laataa akka leenca bosnaatti jehee Saaqii Saanqaa ufiitti dabre Lataa Qanahii taraffi jedhetti waltajjii irra bu’ee: Qarreen sun addaattee ga, Dabaraeen na geessee kaa, Tarreen na fakkaattee kaa, Hin dabarsu tarree koo,nan amana laphee jechaa itti oofe. Hacaaluu Hundeessaa ammoo JIRTUU keessatti, ijoolleen Oromiyaa ijoolleen Itoophiyaa, ijoollee Afrikaa,ijoolleen addunyaa jirtuu jedhee jireenna gaafate.
Jijjiirama Itoophiyaa Qeerroo,Wixinee Seeraa US HR-128 fi waan hedduutti dhufeen jedhan 'Congressman' Mike Coffman fi Obboo Beqqelee Garbaa No media source currently available Torbaan Oromoo guyyaa Oromoo gannatti marroo tokko Ameirkaa fi biyya akka akkaatii walti dhuftee qophii ispoortii,qophii bashannanaa,marii siyaasaatii fi waan hedduu waliin qabaattu. Maqaa kana bulchoota Amerikaa Oromoon qophii akkanaa keessatti qabaatutti baaseef. Qophiin akkanaa ta barana Denver,Koloraadooti tolchan waliin 22essoo. Ta baranaa Adoolessa 21-28,2018 Amerikaa Denver,Koloraadoo keessatti qopheessan. Kilaboota kubbaa Oromoo miilaa Amerikaa Kaabaa 22 isataadiyoomii Five Star Denver Koloraadoo jiru keesatti wal dorgomaa bahe.Miseensii Kongioreesii Amerikaa Mike Coffman nama Koloraadoo keesaaa filame. Atileeti Fayyisaa Leellisaatii fi obboo Beqqelee Garbaa rakkoo Oromoon addunyaatti dubbahcuu isaaniitiif galateeffate. Jijjiirama Itoophiyaan keesssa jirutullee hin faarse. Koofmaaan nama dhiphuu fi bali’na Oromoo faana jiru.Gaafa akka mootummaa Itoophiyaan mirga namaa eegee dimokiraasiillee jajajbeessee mootummaa namuu qooda keessa qabu dhaahbuuf jedhee manii maree Amerikaa labsii Wixinee HR-128 baase sunillee warra karoora kana gammachuun fudhate keessaa tokko. “Jijjiirama amma Itoophiyaan keessa jirtu kana wixineen seeraa manii marii Amerikaa HR 128 qooda guddaa qaba.Akka irreen nama bulchuun haftu tolche.” Akka Congressman Coffman jedhetti minsiter Abiy Ahmed Itoophiyaa karaa dansaa irraan jiraa,tun Itoophiyaa abdii taatii akka innii hojjatullee faanuma jirraa jedha. Koloraadootti bulchituun magalaa Thornton,Heidi Williams OSFNA qophii baranaa magaala isiitti qopheeffannaan galata galchiteef. "Baga magaalaa teenna keessatti tolfattan,guddoo gammanne.Waan magaalii teenna qabdu, nyaataa fi dhugaati ilaanii,gaarrenii fi lafa teenna nuu daawwadhaa.
"Baga magaalaa teenna keessatti tolfattan,guddoo gammanne.Waan magaalii teenna qabdu, nyaataa fi dhugaati ilaanii,gaarrenii fi lafa teenna nuu daawwadhaa. Maatiin kiyya kubba miilaa guddoo jaalata jarillee kunoo isan waliin daawwachuf dhufuutti jiraa,walumaan gammadaa bashannanaa,”jette. Keessummaan ulfinnaa ta dhibiin obboo Beqqelee Garbaati. “Wagoota 3-4 darban dargootni keenna... dirree kubbaa keessa turan miti carraa akkasii hin arganne.Baayyeen isaanii mana barnootas hin turre. Hujii irras hin turre.Kumaatii isaanii mana hidhaa turan. Miliyooni isaanii daandii irra turan. Hiriiraa turan.Bilisummaa isaaniif falmachaa turan. Mirga isaanif lolachaa turan.Diina jala harka isaanii duwwaa dhaabbachaa turan.Haa tahu male qabsoofaa kutannee kaanee qeerroo ufi jala hiriirisinee haala jiru jijjiirre jirra. Qillensa biliusmmaa fudhachaa jirra. Muummee minsitrera haaraa hangootti baasnee jirra.” Dorgommii kubbaa miilaa tana Dirree Dhawaatti Madda Walaabu 1-0 moohee waancaa fudhate. Dirreen armaan duratti marroo jaha waancaa fudhatte.Tapha barana irralleetti akka leenjsiaan isaani jedhutti goolii hedud galfatan. “Nuuti goolii 12 nayndhe gooliin takklleen nutti hn seeyne. 'Clean sheet' je'ama afaan biyya kanaatiin.Waggaa 10f waancaaf taphanne.” OSFNA baran kana waliin ganna 22 tapahtan. Gannuma gannaan Oromoon akkana walti dhufaa aadaa,seenaa fi eennummaa ufii jabeeffachaa wal guddifatan. “Ijoollee tana jala deemnee karaa malee akka isaan hin deemne walitti qamnee ceekuu irratti baadhee asiin gahe,” jedha leenjsiaan Dirree Dhawaa.
No media source currently available
Haacaaluun dhimma rakkoo nageenya Oromiyaa keesssa jira jedhe geerarsaan dhiheessun "Oromoon biyya ijaara male in diigu" ergaa jedhus dabarseera.
No media source currently available
Dhumarratti, ibsi bahe “Itoophiyaa fi Eertiraa edduutti nageenyi bu’uun nagahaa fi tasgabii akkasumas guddina Gaafa Afrikaa fi Galaana Diimaatii murteessaa dha” jedha.
No media source currently available Gabaasaaleen kanaan duraa dhimma Mooyyalee irratti dhihaatan kinoo.
No media source currently available
Gochii balaa kanaa sodaa irraa kan dhalatee fi gocha shoroorkaa ija qabtee ittiin jedhe.Prezidaantoonni keniyaa, Jabuutii fi somaaliyaa gocha kana balaaleeffachuun uummataa fi mootummaa Itiyoohpiyaa cina ka dhaabatan ta’u ibsan.
Finfinneen Hiriira Guddaa Boor Keessumsiistuuf Qophiitti Jirti Melleskaachew Amahaa, Finfinnee irraa akka gabaasetti, waggoota hedduudhaaf, walga’iilee fi agarsiisawwan adda addaa keessumsiisaa ka ture – waltajjiin Masqalaa, har’a guyyaa waaree irraa jalqabee, hiriira guddaa boorutti karoorfameef qophii adda addaa tu keessatti mu’ataa jira. Qomeeleen suuraa muummicha-ministaraa qaban bakka adda addaatti gurguramaa jiran. Suuraalee sana waliinis, dhaadannoolee adda addaa tu dubbisama: “Si cina jirra”, “Guyyaa hida’amuu” kanneen jedhanii fi dhaadannoolee ka biroo tu qomeelee yokaan T-shertoota sana sana irraa mul’ata. Lafkkoobsi isaanii baay’ee ka tahe – ogeessonni miidiyaa yokaa sabaa-himaa, meeshaalee isaanii qindeeffatanii waa’ee hiriira seena-qabeessa – jedhame kanaa, qindeessitoota hiriirichaa ibsa kennamu eeggachaa jiran. Dura-taa’aan Koree Qindeessituu hiriira kanaa – Obbo Guddataa Galaalchaa, sababaa hiriira kanaa akkana – jechuun gabaasaa keenyaaf ibsan. “Guyyaa boorii, jijjiirama jiru haa deggerru. Dimookiraasii haa cimsinu, kaka’umsa yokaan MOTO jedhuun, hiriira nagaa guddaa waamnee jirra. Hiriirri kun kan eenyuu iyyuu otuu hin taane, hiriira lammiwwan Itiyoophiyaa ti. Guyyaa galataa ti. Amantiidhaan, ilaalcha siyaasaatiin, yaadaan otuu adda hin ba’iin tokko taanee baana. Biyyi keenya Itiyoophiyaan ammaan dura, haga yeroo dhihootti maal keessa akka turte ni beekna. Har’a immoo, yaaddoo sana mara keessaa deebinee, daandii bilisummaa, haqaa fi dimookiraasii irra buunee jirra. Lammiwwan Itiyoophiyaa marti tokko taanee, hafuura Itiyoophiyaanummaa qofaan wal-geenya, jennee jirra. Dhaamsawwan abdachiisoon hedduun nu dhaqqabaa jiru.
Dhaamsawwan abdachiisoon hedduun nu dhaqqabaa jiru. Guyyaa boruu, nagaa fi jaalalaan dabarsina, jennee abdii qabna.” jedhu – Obbo Guddataa Galaachaa. Qindeessaan hiriichaa ka biraan, Yunivarsitii Amboo, Mooraa Wal-qixxeetti, barsiisaa fi falmaa mirga namoomaa ka tahe – Obbo Siyyum Tafarraa, yeroo hiriira kanaatti wanni adda addaa mul’achuu danda’a. Garuu, hirmaattonni hiriira kanaa mata-mataatti nageenya isaa eeggachuu qaba. Qindeessitoota nuti bobbaafne, namoota kumaa fi dhibba shanii haga kuma lamaa tahan gargaaaruun nageenya tiksuu qaban. Naga eegdota Oromiyaa, Finfinnee fi ka federaalaa wajjiin walii-galuun deemuu qaban, jedhan. No media source currently available
Oromoo 300 oli dhiyoo tana Itoophiyaa hidhaa gadi lalakkisan keessaa hagii tokko Boorana Keenyaati No media source currently available Itoophiyaatti dhiyoo tattana nama hedduu mana hidhaattii yaasuutti jiran. Hagii tokko ka hidhaa umurii guutuu,lubbuu fi ganna hedduu itti muran. Jaatanii Kunnoo,Godaanaa Dooyyoo,Jaldeessa Waaqoo,Liiban Waariyoo faatilleen warra mana hidhaa Itoophiyaa fulaa akka akkaatii irraan maranii eegee gadi dhidhiisan keesaa haga tokko. Jaldeessa Waaqoo akka jecha isaatti gaafa qaban ganna 20 keessa jiru. Ganna nna 4 fi ji’a7 hidhame bahe. Durii tissituu looniitii loonuma keessaa na qabani jedha. "Akka Itoophiyaatti bara 2006 Keenyaa ollaa Ajaalleetii na qaban, achii kaambi federaala Mooyyale na geessan.” Akka Jaldeessii jedhutti innii guyyaa tokko horii tissaa marroo taan ammoo hin barata.Akkuma kanaan kutaa jaha gahee eegee ammoo waraana naannoo Mooyyalee hadhe keessa jirtan jedhani hidhanii barumsallee dhabee jedha. 'Baatii lama caalaa kaambii waraana Mooyyalee bulee.Harkaa fi miila na hidhanii waan ilmee namaa hin tolchine na tolchan. Achitti Waariyoo Xaaxessaatiin walti nu fidan.” Akka innii jedhutti bulti 45 harkaa fi miila hidhan,guyyaa ammoo miila irraa hidhaa hiikani halkan itti deebisan.Bisaan nafaallee hin argatanii rarraasanii lichoon nama dhaanan jedha. Achii Finfinneetti fulaa namii hin beenne, achii ammmoo Maaykelaawii,Qilinxoo, geessanii ganna 15 itti muranii eegee gadi dhiisan. Maykelaawii ji’a afuru achii ammoo Qilinxoo waggaa 2 turee eegee ammoo ganna 15 itti muran.Milkiin amma nama ganna 25ti. “Ammallee deebihee barumsa dhaabe sun barachuu fedha. Jaatanii Kunnoo, nama ganna mana 50 keessa jiru. Durii nagadaan bulu akka jecha isaattii ABO waliin jirta jedhanii Mooyyalee qabanii kaambi waraanaatti hidhan.
Jaatani Mooyyale bultii 18 bulchanii eegee Finfinneetiin dabran. Mooyyalee ammoo Finfinneen dhaqan. “ Finfinnee fulaa dhossaa nu geessan,kaambi waraanaa hin fakkaattu.Nu nama sadii,mana nu cinaallee namatti jira.” Jaataniin amma hidhaa bahee gammachuu qaba taatullee akka innii jedhutti yaadaa fi yaaddoon guddoon isaa ka warrii hidhaatti hafeeti. Akka amma jiran kanatti abdiitti jiraa taatullee warrii hamaan fuluma duriitti nama deebisuu fedhu hin dhabamuu jedha. Wannii na hidhaniif duriillee tanumaa ammallee daba ummata kiyya irra gahu, walqixummaa fi dimokiraasiif hojjadhaa.Haga ummatii kiyya tana argatutti qaraa itti du’ee ammallee sunuma hojjadhaa taan ammoo jireenna kiyya oofadha jedha. Nama akka Dabbasaa Guyyoo,Nadhii Gammadaa,Moluu Boruu,tissaa horii Rimseessa, Soloolo Keenyaa qaban,Jaldeessa Waaqoo ka waraanii Itoophiyaa qabee lafaa dhabanillee iyyaatiillee hin dhageenne jedha.Warii Jaatanii eegii qabanii barbaada ganna sadiitiin duubatti arge. Milkii Dooyyoo ammoo godina Booranaa aanaa Mooyyalee keesaa qaban. “Halkanuma anaa waariitt jiru na qaban.Hidhataatti na qabe. Immigration Mooyyalee na geessan,achii kaambii waraana Mooyyaleetti naan dabran.” Milkii fi nama sadii dhibii walti fidan. “Ji’a afurin duubati Maaykelaawii nu geessan. Suniin duratti Finfinnee keessatti dhossaatti nu hidhan. Achii ammoo halkan saatii 6-7 hirriibaa nu kaasanii nu dhaanan.” Milkiin nama ganna 33.Akka innii jedhutti mana akka dhaamotu keessatti nama hidhanii sunumaan dhibii TB fuudhee amma oli qajeeleetuu deemuu hin dandahu. Maaykelaawwitti ammoo mana dhipha tokko keesaa nama haga 370 harkii 80 Oromoo tahe itti hidhan. "Namii waan akka siree tokko irra jalaa fi gubbaa rafa.
"Namii waan akka siree tokko irra jalaa fi gubbaa rafa. Kaan ammoo. Warra lafa rafuun domoqaa jedhan.Yoo halkan fincanii baatu nama irra sirbaa deemta.Akkuma midhaanii wal irratti tuulan.” Dureeyyiin ammoo fulaa namii itti hin buune siree dansaa kennaniifii rafan jedha. Nama miseensa ABO jedhanii himatan dubbiitti itti jabaata.Yoo dhibame akka fedhe hin akimatu yoo akimi geessanillee jarjarsanii akka innii akka fedhe doktoriitti dhiba hin himanne jarjarsan. Beellamallee akka dansaa hin qabaniif. Akka jecha Milkiitti isaa fi injineeri Tesfaayee Camadaa fi injineeri Mesfiin Abbebee faallee manuma nama 300 caalaa itti keessatti hidhan. Jara kannoo akka jecha isaatti galgaluma tokko harka walti hiitee poolisiin dhaanaa dabarteen.Abbebee Urgeessaa faalleen warra wallaansa dhabee lubbuu dhabe jedha. Liiban Waariyoo ammoo bara 2010 keessa Solooloo,Keenyaa qaban. “Galgala mana kiyyaa na qaban. Poolisi Keenyaatti na qabe yoosuma Itoophiyaatti na kenne.” Akka Liiban jedhetti yoo qaraa qaban kaambii waraana Itoophiyaa Mooyyale jirtu Fulleessa jedhanitti hidhanii achii Finfineetti dabarsanii fulaa akka akkaatti hidhamee hidhaa ganna hedduutiin duubatti eegee Qaallittii bahe. Silaa akka aadoyyee oduu irraa fuuna jennee bilbili jidduutti citee seenuu dide. Itoophiyaa barana nama kuma hedduutti hidhaa bahe
Gabaasa qindaa’ee caqasaa No media source currently available
Muummichi Ministaraa Abiyyi IHADEG Waliigaltee Aljeers Guutmmaatti Fudhachuu Irratti Ibsa Kennnan Muummichi-ministaraa Itiyoophiyaa, Dr. Abiyyi Ahimed, ibsa har’a kennan keessatti, wal-dhibdee daangaa yeroo dheeraaf, Itiyoophiyaa fi Ertiraa wal-mormsiisaa turee fi kaleessa paartiin isaanii walii-galtee araaraa, ammaan dura Aljeersitti mallatteessamee ture akka guutummaatti fudhatu beeksise ilaalchisuun ennaa dubbatan, hariiroo Itiyoophiyaa fi Ertiraa gidduu ogeeyyiin haala sadiitti akka ilaalan dubbachuun jalqaban. Tokkoffaa, akka waraansa tahetti, lammaffaa akka waraansa hin ta’iin, nagaas hin ta’iinitti ilaalan ani garuu akkanatti hin ilaalu – jechuun ibsan. “Haala amma jiru, namoonni Addunyaa hedduun “waraansa-dhablee, nagaa-dhablee” jedhu. Ani hiikkaa kanatti walii hin galu. “waraansa-dhablee, nagaa-dhablee” wanni jedhamu hin jiru. Haala amma jiru, “waraansa du’a hin qabne” ittiin jedheen jira. Duuti keessa jiraachuu baateyyuu, wanni waraansaaf barbaachisu – baasiin hundi, qophiin hundi, leenjiin hundi, wal-muddinsi hundi, waggoota digdamman turaniif daangaa irra ture. Loltuun tokko, sa’aa tokkoo fi sa’aa lama lolee mo’uuf yokaan mo’amuuf yeroo isa fudhatu caalaa, qophii waraansaaf godhuu fi ammaa moo amman haleelama jedhee yaadaa-qalbiidhaan gidiramuun waraansaa gadi akka hin taane sirriitti hubachuu barbaachisa. Waggoota digdamman dabraniif, hongee, gammoojjii, dahannoo keessatti waraanni gidiramaa jiru, yokaan lolee gara-tokkotti hin baane, yokaan nageenyi bu’ee akka loltuu ka biraa qalbii tasgabbaa’een jiraachuu hin dandeenye. “waraansa-dhablee, nagaa-dhablee” otuu hin taane, waraansa du’a hin qabne, inumaa, yeroo tokko tokko waraansi duuti itti makate ture.” Jedhan - Muummichi-ministaraa Abiyyi.
“waraansa-dhablee, nagaa-dhablee” otuu hin taane, waraansa du’a hin qabne, inumaa, yeroo tokko tokko waraansi duuti itti makate ture.” Jedhan - Muummichi-ministaraa Abiyyi. Dhimmi kun akka dhaabatuu fi humna guutuudhaan gara nageenyaatti ceenu gochuun, waan hunda caalaa Itiyoophiyaadhaaf, dabrees, Gaanfa Afrikaatiif barbaachisaa akka tahe dubbatan. “Baatiilee lamaan dabraniif haala nageenyaa biyya keenya keessa ture tasgabbeessuuf hojii guddaa hojjennee, labsii yeroo muddamaa kaasuun keenya ni yaadatama. Gaaddisni nageenyaa kun, Itiyoophiyaa qofaaf otuu hin taane, Gaanfa Afrikaatiifis ni barbaachisa. Nuti Itiyoophiyaanonni, hooggana IGAD yeroo ammaa tahuu keenyaaf otuu hin taane, Afrikaa keessatti uummata guddaa, biyya guddaa waan taaneef, karaa itti-gaafatamummaa qabuun, mootummaa itti-gaafatamuummaa qabu taanee naannoo keenyatti nageenya mirkaneessuu qabna. Finfinnee fi Asmaraa gidduu, Awutoobusiin, baaburri, dinageen akka babal’atuu fi uummatoonni obboleeyyan akka wal-quunnaman gochuuf, tarkaanfii duraa fudhachuun, lammiin Itiyoophiyaa mata-mataatti hubachuu qaba” jedhan Dr. Abiyyi. Gabaasaa guutuu dhaggeeffadhaa. No media source currently available
No media source currently available
Eegii poolisii Oromiyaa irraa qawwee guuranii asitti, Mooyyaletti laftii sodaa hardha biirolee mootummaatii fi waan hedduutti cufaa oole No media source currently available Mooyyalee,dira godina Booranaa keessa jiruu Finfinnee irraa km 772.8 fagaatu.Daarii Itoophiyaatii fi Keenyaa irra jira. Bara hedduu lafa waraanaa taate.Warrii lafaa waraana naannoo Somaalee, Liyuu Hayilitti halkanii fi guyyaa nama hadhaa jedhee himachaaf karaa mara. Ji’a kanaayyuu akka warrii lafaa jedhutti poolisii Oromiyaa marroo waajjira isaanii keessatti waraanii Liyuu Hayil hadhe. Eegii guyyaa dheengaddaa Komaandi Poostiin poolisii Oromiyaa irraa qawwee guuree asitti, akka warrii lafaa jedhutti miseensii poolisii dira Mooyyalee keessaa hin mullatu. “Namii tokkolleen hin mullatu waan boqonnaa bahan fakkaatan.” Lafa amma Komaandi Poostiitti bulchuutti jira. Waraanii Liyuu Poolisi akka fedhe dhufee Mooyyale hadha Komaandi Poostiitti himannee dadhamne,” jedha warra lafaa. Eegii Poolisii Oromiyaa Mooyyaletti qawwee irraa hiikanii asitti laftii adiyyoo, warrii lafaa soda qamna jedha. “Komaandi Poosti hin amannu adoo warrii achi jiru duruu nu fixanii tana maleellee ammallee laftii qaa qabdii,adiyyoo. Sodaa jedhan tanaaf hardhallee Mooyaletti biirolee mootummaatii fi manneen nyaataa fi dhugaaii hedduutti cufaa oole. “Biirolen mootummaa tokkollleen banaa mitii baankii tokko tokko banaa qabaa namii manuma oola.” Warrii lafaa waraanii Liyuu Poolsii ammallee dagachiisee nama hadha jedhee sodaata. Ammallee waraana humna guddaa gara Keenyaatii fi Somaaleetiin Mooyaletti guurutti jriaa jedha warra VOAn gaafatte. “Nyaaphii qawwee hidhatee dhufuutti jira. Mootummaa irraa amantii hin qamnuu maan goona jennee mariitti jirra.” Akka jecha jaarrolee Mooyyaleetti Hagayya 28, 2010 irratti Komaandi Poostiin jaarrolee biyyaatii fi bulchoota naannoo koraaf yaamtee mari’atte.
Mootummaa irraa amantii hin qamnuu maan goona jennee mariitti jirra.” Akka jecha jaarrolee Mooyyaleetti Hagayya 28, 2010 irratti Komaandi Poostiin jaarrolee biyyaatii fi bulchoota naannoo koraaf yaamtee mari’atte. “Furmaata nu hin kennitanii isanillee hin amannuu jedhanii biraa galan.” Jaarroleen VOAn dubbifte ammoo nagaa lafaatii fi ka sabaa-sab lammiillee eeguuf mariitti jirra jedha.
Boorana magaalaa Hiddii,Wallaggaa Bahaa Naqamtee fi Gujii Bahaa, Dhihaatti namii hardhaa,kalee fi dhiyoollee hiriira mormiitti jira No media source currently available Hiriira Naqamtee ka hardhaatti namii rakkoo heddu himate; Ijoolleen Naqamtee hidhanii Qilinxoo fi fulaa akka akkaatti hidhan akka hiikaman Akka komaandi poostiin biyya bulchuun akka dhaabdu ‘Yakkamaa’ badhaasuu dhiisanii warrii Oromoo fixe murtii dhiyaatu Eeyyamii MIDROOK haqamu fi waan hedduun gaafatan jedhan. Poolisii Naqamteetti Komaander Poolis Geetaachoon ammoo Naqamtee jiraachu baadhullee ijoolleen gaafii nagaan gafachuun mirgumaa taatullee warrii fedhii addaa qabu jiraachuu dandahaaa jedha. Akka ijoolleen karuma nagaatiin hiriira bahan gaafanne jedha.Booranalleetti aanaa Miyoo magaalaa Hiddii-Lolaatti nama hedduutti kalee hiriira bahee rakko himate. Rakkoo himatan keessaa;Misoomii godina Booranaatii waadaa galan, yuniverstii,koolleejii fi wanni hedduun akkuma baanan akka hujii irra oolu Warrii Mooyyalee fi Sooddatti nama fixe akka seeraan gafaan Oromiyaa keessatti nama hidhuu fi ijjeesuun akka dhaabatu Kontoraatii MIDROOK akka haqamu Somaaleen Mooyyalee keessatti alaabaa dhaabachuu akka dhaabdu alaabaan isaaniilleen akka buqqa’uu fi waan hedduu fa gaafatan jedhan. I/G/B koominikeeshiinii godina Booranaa aabba Galma Boruulleen gafiin ijoolle gaafii teenaa jedha “Mooyyaleetti namii barachuutti hin jiruu, gabayaan hin jirtu namii sodaan jiraataa gaafiin tun akka Booranaatti akka bulchiinsaatti gaafii teenna,” jedha. Gama kaaniin ammoo bu’uura misoomaa ka gaafatan keessaa Diidii Xuyyuuraa Yaaballoo ammaayyuu jaaruutti jiran jedha,aabba Galmii. Hiriiraan duubatti akka warii lafaa jedhutti Hiddii-Lolaa keessaa fulaa hedduutti ijoollee qabanii hidhuutti jiran.
Hiriiraan duubatti akka warii lafaa jedhutti Hiddii-Lolaa keessaa fulaa hedduutti ijoollee qabanii hidhuutti jiran. Godina Gujii Bahaatii fi Dhiyaatti dhiyoo tanaayyuu Kontorata MIDROOK haareffameef jedhee namii hiriiratti jiraa Oromiyaallee namii dhufee jaarrolee, bulchootaa fi abbootii gadaallee waliin mariitti jira.Kibxata dabree asitti ammoo fulaa hedduutti barumsii hin jiru jedhan. Shaakkisoo ollaa Dhibbaa Battee jedhanitti namii hedduun,warra kemikaala Warshaa MIDROOK keessa baatuun miidhame dabalee walti dhufee akka mootummaa dhufee isaan dubbisu eegachaa bahe. Akka warrii lafaa jedhutti jara wa gaafachuuf walti bahe poolsiin Oromiyaa nama bittinneessuuf qawwee dhaantee nama kaan uleen bittinneestee nama hedduu mite. Tana irratti bulchoota argachuu dadhabne. Akka namii Shaakkisoo dubbinfe jedhutti Namii hedduu akka Pirezidaanti Lammaa Magarsaatii fi Dr.Abiyyi dhufanii isaan dubbisan fedha. Maneen barnootaa ka haga gaafiin Gujii deebii argattutti cufan ijoolleen barachuu didde jedhan mana barumsa sadarkaa lammeessoo fi Qophaahinaa Shaakisoo fa. “Haga rakkoon namii himate fala argatutti hin baranu jedhanii Kibxata dabree asittuu barumsa dhiisan.” Rakkoo hujin MIDROOK godina Gujiitti fiddu akka warrii nu gaafanne jechutti qorattoota Awurooppaallee fidanii qorachuutti jiran. Insipekter Abdulqaadir ka godina Gujiitii dubbifne wannii ijoolleen himatte dhugumaa manii barumsa dhiyoo cufame jedhanilleen dhugumaa taatullee ummataan wal dubbatanii amma manneen barnootaa banamanii barachuutti jrian akka aanaa isaaniitti.
Caqasaa No media source currently available
No media source currently available
Gbaasa guutuu caqasaa No media source currently available
Gabaasa Guutuu Caqasaa No media source currently available
Dr. Abiyyi Ahimed Wixata Dhufu Kakatanii Muummicha Ministaraa Tahan Duta-taa’aan ADWUI yokaan EHADEG haaraan – Dr. Abiyyi Ahimed, Wixata dhufu kana ganama, muummicha-ministarummaaf Paarlaamaa biyyattii duratti kan kakuu fudhatanii fi uummata Itiyoophiyaaf haasawa godhan tahuun himamee jira. Hooggana DHDUO fi miseensota Mana-maree ADWUIn kan amantaan irra kaayamee jiru – Dr. Abiyyi dura kanneen dhaabatan danqaalee fi abdiiwwan egeree yaadawwan adda addaa kaasaaa jiran. Maddeen paartichaa, Raadiyoo Sagalee Ameerikaaf akka ibsanitti, kan Wixata dhufu kana geggeessamu – ajandaan walga’ii addaa paarlaamaa biyyattii waa’eedhuma kakuu raaw’achuu fi taayitaa wal-harkaa fuudhuu ti – jedha – gabaasaan keenya – Eskindir Firew, Finfinnee irraa. Kakuu sanaa booda kan Muummicha-ministaraa jedhamuuf jiran – Dr. Abiyyi, uummata biyyattiif akka haasawa gochuuf jiran tu eegama. Yeroo sanatti, waa’ee kaayyoo siyaasaa hoogganaa haarawa kanaa fi karoorsa isaan biyyaaf qaban mallattoo wayyaawaa argachuun ni danda’ama – jedha – gabaasaan keenya. Umuriin isaanii jalqaba afurtamootaa ka tahe – Dr. Abiyi gara taayitaa ol’aanaa kanatti ka dhufan sadarkaa sadarkaadhaani. Eega DHDUOn hundeessamee jalqabee – miseensummaa dhaabichaan ka turan – Dr. Abiyyi, dhaabichaan gara waraanaatti ramadamuun isaanii itti-gaafatama isaanii jalqabaa akka tahe ragaaleen ni agarsiisu. Tar-muuda waraanaa, koloneelummaas ni qaban. Gabaabaatti INSA jedhamuun kan beekamu – ajensii odeeffannoo tika-nagaa biyyoolessaa yaadaa fi wixinee yaada hundeessama isaa dhiheessuu fi hojii irra oolchuun qooda fudhachuun isaaniis himamee jira. Ministara Saayinsii fi Teknooloojii ta’uudhaan yeroo gabaabaa keessatti ba’iin gaariin agarsiisan, madaalii dandeettii hoogganaa isaanii akka tahe kanneen dubbatanis ni jiran.
Dubbi-himaan paartii isaanii, kan DHDUO – Obbo Kaasahun Gofee kanneen keessaa tokko. Jireenyi isaanii dhuunfaatiin, abbaa-warraa, abbaa ijoollee lamaa fi amanaa amantii kiristaanaa prootestaantii ti – Dr. Abiyyi Ahimed. Kan umurii dargaggummaa keessa jiran – namni kun, amma itti gaafatama biyyoolessaa fudhachuuf qophaawanii jiran. Itti-gaafatama haaraa kanaan yeroon itti madaalamanis gahee jira. Maddeen adda addaa akka ibsanitti, deemsawwan turanis akka mirkaneessanitti, paartiin isaanii DHDUOn, itti gaafatama kanaaf eega amantii irraa kaawwatee tureera. Isaan dura, dura-taa’aa DHDUO KA turan – Obbo Lammaa Magarsaa, itti-gaafatama sana gara Dr. Abiyyitti dabarsanii gara dura-teessummaa itti-aanaatti gad-bu’an. Mana-maree ADWUI yokaan EHADEG keessattis dura-teessummaa paartichaa fi muumicha-ministarummaaf filannoo geggeessame irratti kan maqaa Dr. Abiyyi kennan Obbo Lammaa Magarsaa tahuu, maddeen paartichaa gabaasaa keenyatti himanii jiran. DHDUO qofaan otuu hin taane dhaabbatoota miseensota EHADEG keessaa sagalee argatanii filatamuun isaanii ammoo, paarticha gamtaa keessatti amantaan irra kaayamuu isaa agarsiisa – jedha – gabaasaan keenya. Kan isaan dura turan – Muummichi-ministaraa Hayile-maariyaam Dessalenyi illee akka Dr. Abiyyi filataman fedhuu isaanii, maddeen kun gabaasaa keenyaaf ibsanii jiran. Obbo Hayile-maariyaam taayitaa isaanii gad-lakkisuuf murteessuun isaanii, rakkoo biyyattii mudatee jiruuf qaama furmaataa ta’uun fedha, jechuun akka tahe ni yaadatama. Filatamuun Dr. Abiyyi, bulchiinsa naannoo mormiin itti heddummaatee jiru – Oromiyaa kan bakka-bu’an waan taheef akka tahetti kanneen dubbatan ni jiran. Tasagabii dhabinsa jiruu fi rakkoo siyaasaa biyyattii keessaaf furmaata tahu – ilaalcha jedhuun.
Tasagabii dhabinsa jiruu fi rakkoo siyaasaa biyyattii keessaaf furmaata tahu – ilaalcha jedhuun. Yunivarsitii Finfinneetti, barsiisaa barnoota siyaasaa fi hariiroo sadarkqaa Addunyaa ka tahan – Profeser Kaasahun Birhaanuu yaada boodaa kanatti walii hin galan. “Filatamuun Dr. Abiyyi, jijjiiramaaf nama qophaa’ani” yaada jedhu irraa akka tahe dubbatu. Guutummaa gabaasichaa dhaggeeffadhaa No media source currently available
Seenaa Jireenyaa Dr. Abiyyi Ahimed, Dura Taa'aa ADWUI Haaraa Kibxata torban dabee irraa jalqabee kan walga’ii isaa geggeessaa ture – manni-maree ADWUI Dr. Abiyyi Ahimed dura-ta’aa paartichaa akka tahan Kibxata, Bitootessa 27 murteessuu isaa beeksisee jira. Muummichi-ministaraa Itiyoophiyaa duraanii , Hayile-maariyaam Dessaalenyi taayitaa isaanii gad-lakkisuuf iyyata dhiheenya galfatan eega raggaasisee booda, Dr. Abiyyiin dura-teessummaatti filachuu isaa beeksise – manni-maree ADWUI. Dr. Abiyyi Ahimed Alii godinaa Jimmaa, magaalaa Aggaaroo keessatti akka lakkoobsa Itiyoophiyaatti Hagayya sagal, bara 1968 abbaa isaanii musliimaa fi haadha isaanii kiristaana irraa dhalatan. Barnoota isaanii sadarkaa tokkoffaa magalaa Jimmaatti baratan. Umurii isaanii waggaa kudha-shaniitti jechuun akka lakkoobsa Itiyoophiyaatti bara 1983 paartii ADWUI yokaan EHADEG seenanii loltuu akka tahan dubbata – seenaan jireenya isaanii. Wallaggaa Lixaa keessatti leenjii waraanaa idilee fudhatanii, achumatti ramadamuudhaan damee tikaa fi quunnamtii waraanaa keessaa tajaajilan. Otuma waraana keessa jiranii, kan toora hojii isaaniitti dhiheenya qabu – maandisummaa Kompiyuuraa barachuudhaan, ka Finfinneetti argamu, “Microlink Information Technology College” irraa bara 2003 digirii Baachilersii argatan. Waggoota afurii booda immoo, Afrikaa Kibbaa, magaalaa Pritooriyaa keessatti kan argamu dhaabbata tokko irraa, Kaartooloojii yokaan oguma ragaalee yokaan daataa gareelee lama gidduutti wal-jijjiiramu barreessuu fi hiikuutiin digirii isaanii lammataa fudhatan. Abiyyi Ahimed kana malees, toora barnootaa, hooggansa cehumsaa fi jijjiramaa yokaan “Tranformational Leadership and Change” jedhamuun, ka magaalaa Londonitti argamu Yunivarsitii Giriinwich digirii Maastersiin eebbifamanii jiran.
Koolejii Hooggansa Hojii Liidistaar irraas digirii Maastersii Bulchiinsa Biizinesii yokaan MBA fudhatanii jiran. Dooktarummaa yokaan PHD isaanii immoo, Dhaabbata Qu’annoo Nageenyaa fi Tika-nagaa, ka Yunivarsitii Finfinnee irraa bara dabre jechuun bara 2009 argatan. Akka lakkobsa Itiyoophiyaatti bara 1985 miseensa raayyaa ittisaa Itiyoophiyaa ka tahan – Abiyyi Ahimed, kan Ruwaandaatti bobba’ee ture, garee naga-eegumsaa Tokkummaa Mootummootaa “UNMIR” jedhamuuf miseensa ta’anii, magaalaa Kigaaliitti tajaajila kennanii jiran. Bara 1990, yeroo Itiyoophiyaa fi Ertiraa gidduutti waraansi ka’ee turetti, gurmuu ragaa-tikaa kan adda tokkoo hoogganaa ka turan yoo tahu, haga bara 2002tti hanga sadarkaa Leetenaal Koloneelummaatti guddatanii turan. Dr. Abiyyi Ahimed, INSA jedhamuun ka beekamu Ejensii Caasaa Tika-nagaa Biyyoolessaa bara 1999 hundeessuudhaan, hanga bara 2002tti daarektarummaan hoogganaa turan. Dr. Abiyyi Ahimed, ragaalee qindeessuu, walitti-dabarsuu fi facaasuutti dhaabbatoota mootummaa hidhata qabaniif, miseensa boordii ta’uudhaanis tajaajilanii jiran. Dr. Abiyyi Ahimed, paartiilee miseensota ADWUI afuran keessaa tokko ka tahe – Dhaabbata Dimookitaatawa Oromootti miseensa hoogganaa ta’uun, ka toora siyaasaan qooda fudhachuu jalqaban, waggaa saddeet dura, bara 2002 lama irraa jalqabanii ture. Yeroo sanatti daarektarummaa INSA gad-lakkisuudhaan miseensa Koree Giddu-galaa Dhaabata Dimookiraatawa Uummata Oromoo ta’anii, haga bara 2004tti miseensa Mana-maree fi koree hoji-raaw’achiistuu ADWUI yokaan EHADEG tahan. Filannoo bara 2002 geggeessamettis, Aggaaroo dhaa filatamanii miseensa mana-maree bakka-bu’ootaa Itiyoophiyaa tahan.
Filannoo bara 2002 geggeessamettis, Aggaaroo dhaa filatamanii miseensa mana-maree bakka-bu’ootaa Itiyoophiyaa tahan. Yeroo sana, naannoo Jimmaatti walitti-bu’insa Musliimaa fi kiristaana gidduutti ka’ee lubbbuu namaa fi qabeenyaa irra miidhaa guddaa geessisee ture dhabamsiisuu fi walii-galtee waaraa fiduu keessatti akka qooda guddaa gumaachan tu dubbatama. No media source currently available Dr. Abiyyi, akka lakkoobsa Itiyoophiyaatti bara 2007, aanaa Gommaa bakka-bu’uudhaan ammas miseensummaa Paarlaamaaf filataman. Dr. Abiyyi Ahimed Waaltaa Odeeffannoo Saayinsii fi Teknooloojii Itiyoophiyaa ka jedhamu dhaabbata qorannoo, kan mootummaas hundeessanii turan. Bara 2007, miseensa Koree Hoji-raaw’achiistuu DhDUO ta’anii, waggaa isaatti immoo Ministarummaa Saayinsii fi Teknooloojii Itiyoophiyaatti muudaman. Baatiilee xiqqoodhaaf eega hojjetanii booda, taayitaa isaanii federaalaa sana dhiisuudhaan, gara bulchiinsa naannoo Oromiyaatti deebi’anii sadarkaa itti-aanaa prezidaantummaatti tajaajilan. Hoogganaa biiroo Karoora Misooma Magaalaa Oromiyaas ta’anii turan. Dr. Abiyyi, Afaan Oromoo, Afaan Amaaraa, Afaan Tigiree fi Afaan Ingilizii dubbachuu danda’u. Guraandhala dabre kana irraa eegalanii immoo, dura-taa’aa Dhaabbata Dimookitaatawaa Uummata Oromoo ta’anii hojjetaa jiran – Dr. Abiyyi Ahimed.
Galmoo Daawit dabalata isaa qopheesseera No media source currently available
Mootuummaan naannoo Oromiyaas maatii namni jalaa ajjefameef gadda itti dhaga’ame ibsuun gaaga’ama nageenyaa uummata keenya irra gahaa jiruuf furmaata waaraa fiduuf yoom iyyu caalaatti cimee kan hojjatu ta’uu No media source currently available beeksiisee jira.
Waa’ee Labsii Yeroo Muddamaa Itiyoophiyaa Irratti Ejjennoon Keeny Sirrii Dha, Jedhan Ambaasaddarri Yunaayitid Isteets Itiyoophiyaatti Ambaasaaddarri Yunaayitid Isteets, Maayikil Reener, waa’ee labsii yeroo muddamaa Itiytoophiyaan labsitee irratti ejjennoon Yunaayitid Isteets qabdu sirrii fi ka tahuu qabu tahuu dubbatan. Daawwannaa ministarri dhimma-alaa Yunaayitid Isteets – Reks Tilersen gidduu kana Itiyoophiyaatti geggeessan ilaalchisuun, Ambaasaaddar Raayinarii fi Gamtaa Afrikaatti Ambaasaddarittiin Yunaayitid Isteets – Meerii Liyoonaard ibsa gamtaan kennan irratti kana dubbatan. “Ejjennoon keenya sirrii fi haqa-qabeessa tahuun waan nutti dhaga’amuuf dubbanne. Ministarichi dhimma-alaas kaleessa i irra deebi’ee dubbate jira. Yaaddoo nageenyaa qabaachuu fi nageenya uummata isaa mirkaneessuu fedhuu isaa ka mootummaan duubbate ni hubanna. Garuu, yeroo kana godhu karaa mirga uummataa fi dirree siyaasaa kabajeen akka tahuu qabu baay’ee abdanna” jedhan – Ambaasadder Maayikil Reener. Labsiin yeroo muddamaa Itiyoophiyaan baaste ka duraanii fi kan ammaa gidduu adda addummaan akka jirullee dubbanis, ara dirree siyaasaa bal’isuutti ennaa deemama jiru, akka hiriira nagaa uummataa geggeessuu ehamuu, hidhamtoota gara kuma kudhanii hiikuu, muummichi-ministaraa karaa nagaa fi fedha ofiitiin taayitaa gad-lakkisuuf murteeffachuun ennaa deemaa jirutti labsii yeroo muddamaa kana labsuu ennaa ilaallu, kan rakkoo fiduu fi hala jiru qixxa nama hin gargaarreetti geessu tahuu hubanne ” jechuunis dubbatan. Gamtaa Afrikaatti, Ambaasaddarattiin Yunaayitid Isteets – Meerii Liyoonaardis gama isaaniitiin, kaayyoo biyyi isaanii Gamticha Afrikaa waliin qooddattu ennaa dubbatan, “Yunaayitid Isteets nageenyaa fi misoomni dinagdee ishee, akka kan Afrikaatti baay’ee hidhatee jiruutti ilaalti” jedhan.
Gamtaa Afrikaatti, Ambaasaddarattiin Yunaayitid Isteets – Meerii Liyoonaardis gama isaaniitiin, kaayyoo biyyi isaanii Gamticha Afrikaa waliin qooddattu ennaa dubbatan, “Yunaayitid Isteets nageenyaa fi misoomni dinagdee ishee, akka kan Afrikaatti baay’ee hidhatee jiruutti ilaalti” jedhan. Dhaggeeffadhaa No media source currently available
Gaaffii fi deebii gaggeeffame caqasaa No media source currently available
No media source currently available
Magaalaa Naqamtee Keessatti Namnii Tokko Ajjefamuu fi Kannen 19 Ta’an Madaa’uu Hospitaalli Magaalatti Beeksisee Jira Hogganoota KFO mana hidhaa ba’an akka magaalaa Naqamtee hin seenne Sambata darbee ittifamuu sanatti hidhatee mormiin magaalaa Naqamtee keessatti gaggeeffamuu guyyaa arfaffaaf har’a itti fufuu isaa jiraattonni ibsanii jiru. Wiixata Guraandhala 26 galgalaa qabee hanga fi Kibxata har’atti raayyaan ittisaa haleellaa hammeessuu isaa kan dubbatan jiraattonni namnii hidhamee fi mada’ee jiraachuu dubbatan.Hospitaallii Naqamtee namnii tokko ajjeefamuu fi ka biraan tokko wal’ansa jabaaf Finfinneetti ergamuu ibsee jira. Hanga har’a waaree boodaaatti kanneen biroon 18 ykn 19 ta’an mada’anii hospitaala cisuun wal’ansa argachaa ka jiran ta’u Dr. Dassaaleny Taddasaa hospitaala Naqamtee irraa beeksisanii jiru. Kanneen mada’an kun irra jireessi isaanii Dullaa ykn Uleen rukutamanii akka ta’e garu kan lubbuun darbee fi wal’ansaaf ergame kanneen rasaasaan rukutaman keessaa ta’u ibsanii jiru. Gama kaaniin raayyaan ittisa biyyaa mooraa Yunivarsitii keessa duraa qabee bufachuun isaa rakkoo itti fiduu isaa barattonni yunivarsitichaa dubbatanii jiru.Keessumaa hogganoota KFO simachuuf barattonni mooraa duratti eega ba’anii booda haallii jiru daran hammaatuu dubbatu. Gaaza himiimaansu daree keessatti baratanii fi bakka cisichaatti darbachuun itti fufuu isaa ibsanii kaleessa galgalaa qabee immoo rasaasa dhukaasuun bifa addaan itti fufuu dubbatu.Angawoonni Yunivarsitii callinsaan waan barattoota irra ga’u ilaalaa akka jiranii fi maal gochuu akka qaban wallaaluu isaanii ibsan. Angawoonni yunivarsitichaa deebii akka kennaniif bilbilameef kaan bilbila harka isaanii hin kaasan . Kaan immoo nu irratti cufan.
Kaan immoo nu irratti cufan. Gbaasa guutuu caqasaa No media source currently available
Dhuma irrattiis Michummaa keenya Itiyoophiyaa waliin qabnutti biyyattii keessatti nagaan waariinsa qabuu fi jijjjiiramni dimokraasii akka dhufu gochuuf lammiin martinuu waliin akka hojjetan ibsi gamtaa Awrooppaa kun cimsee yaadachiisa.
No media source currently available
No media source currently available “Yeroo jalqabaaf Taabota Maaramii Kiiloo 5 kabajuudhan Waldaa Duuka Bu'ootaa fi Gamtaan Tajaajiltoota Afuurawaa Afaan Oromoo faarfannaa Afaan Oromoo fi aadaa uffata uummata Oromootiin hanga Hurufa Boombii(Jaanmeedatti) hirmaachuu fi Seenaan kun baay'ee kan nama gammachiisudha,” jechuudhan gurmuun kun fulla feesbuukii irratti beeksiseera.
No media source currently available
San keessaa amma tokko waliitti qabnee, lalla.
Wallaggaa Bahaa aanaa Leeqaa Dullachaa fi Iluu Abbaa Booraa Aanaa Halluutti namii hiriira bahee rakkoo himatee Oromoon baqatellee horii guure No media source currently available Oromiyaa keessatti nama fixuun haa dhaabbatuu,waraanii federalaa yuniversityi keessaa, magaalaa fi fulaa heduu keesaa bahee kaambi ufiitti ha deebi’uu, Oromoo fixaniif gadduuf alaabaan gadi bu’ee haa fannifamuu,warri nama fixe seeraan ha gaafatamuu,haaromsi dhugaa ha dhufuu fi waan hedduu himachuutti jira namii Oromiyaa keessaa hiriira mormii bahu. Fulaa hiriira itti bahan kanatti ummatii nama Oromoo ka baqatellee horii walti guuree baankiitti guuruutti jira. Akkuma kanaan Wallagaa Bahaa aanaa Leeqaa Dullachaa magaalaa Gatamaatti hardha nama hedduutit hiriira mormiitiif bahe. "Ummata bal’aatti hiriira bahe gadda himate lammii Calqanqootti fixaniif gadduuf,akka daangan Oromiyaa kabajamtu,waraanii federaalaa nama fixe seeraan akka himatamu gaafachuuf hiriira bahan jedha,” jiraataan magaalaa aanaa Leeqaa Dullachaa. Jari kun tana malee Oromoo seera malee lafa isaa irraa buqqisanillee akka deebisanii qubsiisan gaafate. Tana malee warrii bahe kun akka Afaan Oromoo Afaan federalaa tahan, Finfinneen ta Oromoo tahuu isii akka taate hujiin akka mirkansan qabeennii uumamaa Oromiyaa keessaa baduutti jirullee akka tohatamuu fi waan hedduu himate. Warrii hiriira bahe kun Oromoo naannoo isaanii irraa baqachiisanillee qarshii Itoophiyaa 5,212 walti guureef. Godina Iluu Abbaa-Booraa aanaa Haluu,magaalaa Ukaatti ummatii hiriira bahelleen rakkoo himatee ka baqataallee horii walti guure. “Ummata keenna ajjeesuun, baqachiisuun,daangaan Oromiyaa sarbamuun, humnii federaalaa nu keessaa taa’uuna akka dhaabbatu gaafachuuf hiriira baaane," jedha warrii achii dubbifine. Tana maleellee akka Oromoon dhumatteef alaabaa gadi siissani fannisanillee gaafatan.
Tana maleellee akka Oromoon dhumatteef alaabaa gadi siissani fannisanillee gaafatan. “Namoota keenya Calqanqootti wareebagamaniif gadda keenya agarsiisuuf baane,” jedha warrii nu dubbifne.
No media source currently available
Gaaffii fi deebii, Ambaasaddar Kohen waliin geggeessame sagantaa keenyaa Boorii irratti dhiheessina.
Yunivarsitii Wallaggaa Mooraa Shaambuu Keessatti Ajjeechaan Raawwate Qoratamaa Jira: Poolisii Yiniversitii Walaggaa mooraa Shaambuu keessatti Wixata halkan du’uu barattoota lamaa ilaalchisee itti aanaa diinii barnootaa obbo Tuulii Abdiisaa dubbisneerra. "Ijoolleen galgala walitti bu’anii wal reebanii turan. Kanaanis barattoota lama tu du’an. Tokko attamiin akka du’e hin beekamin jira tokko garuu tumamuu isaa anis ijaan argeen jira," jedhan. Kan isa tokkoo garuu hin qulqullaa’in jira. Karaa foddaa darbatame kan jedhutu jira. Poolisii dhaan qoratamaa jira. Obbo Tuuliin akka jedhanitti shaambuu keessatti walitti bu’iinsi akkasii barattoota gidduutti uumamee hin beeku. Walitti bu’iinsa gosaa kan jedhu illee ofii koof kuno galgala dheengaddaan arge jedhan. ijoolleen kun biyyattii gama kaabaa Tembeen irraa dhufan jechuu irra darbee ka biroo quba kan hin qabaanne ta’uu obbo Tuuliin ibsaniiru. Gama poolisiin haalli isaa qoratamee qulqullaa’aa jira jechuu dhaan Horroo Guduruu Walaggaatti itti aanaa komaandera kan ta’an Insermu Huluqa beeksisaniiru. Shaambuu irra darbee universitiiwwan kan akka Gonder fi Baahirdaar keessatti sochiiwwan adda addaa jiraachuu barattoonni nuuf ibsaniiru. baratan universitii Gonder ani kaleessa haasofsiise barattoonni mooraa keessaa utuu hin ba’in hiriira mormii geggeessanii kora bittinneessaan seenus miidhaan tokko iyyuu kan irra hin geenye ta’uu ibsee jira. Qaama universitichaatti gaaffii isaanii dhiyeeffachuu isaanii beeksisanii jiran barattoonni kun. Prezidaantiin mootummaa Naannoo Oromiyaa obbo Lammaa Magarsaa miidhaan barattotoa Universitii Walaggaa mooraa shaambuu keessatti raawwatame ilaalchisuun gadda nutti dhaga’amu ibsina jedhan. Saba qooduun yakki raawwatamu fudhatama hin qabu waan ta’eef mootummaan naannoo Oromiyaa kana ni balaaleffata jedhan. Mira irratti hundaa’ee gochi raawwatamu kam iyyuu uummata balaaf saaxilee galma akeekameef nu hankaasaa midiyaa Afaan oromoo OBNf ibsa kennaniiru.
Mira irratti hundaa’ee gochi raawwatamu kam iyyuu uummata balaaf saaxilee galma akeekameef nu hankaasaa midiyaa Afaan oromoo OBNf ibsa kennaniiru. No media source currently available
Gaaffii Deebii gaggeeffame caqasaa No media source currently available
Galmoo Daawit Gabaasa dabalataa qaba No media source currently available
Hardha Booranaa aanaa Mooyyaleetti Raayyaan Ittisa biyyaa rasaasaan nama mammadeesse 'rakkoo akkanaa ganna 27 caalaa himachaa baane' No media source currently available Rakkoon godina Booranaa waan keessaa ture. Akka warrii lafaa jedhutti godina kana waan hedduutti rakkisuutti jira. Gama barumsaatiin godinii nama miliyona tokko caalaa keessa jira jedhan kanatti yuniversitii fi koolleejii maqaa isaatiin yaaman godina ufii keessaa hin qabu. Wannii dhibiin godina kanatti rakkoo tahe waraana.Mooyyale keessatti akka bulchiinsaa fi warrii lafaa jedhutti guyyuma guyyaan ykn ammoo torbaanumaan warrii naannoo Somaalee Mooyyale keessaa nama qabee naannoo ufii keessatti hidhataa,kaan hin ijjeesanii,ka asi cophxee dhabanilleen hedduu, makiinaa Oromiyhaa dhufu hin caaccabsan. Hardhallee nama Oromoo lama Mooyyale keessaa warrii naannoo Somaalee fuudhee baduniif adoo baqatuunii qeerroon Mooyyalee nama ufii irratti reebdee walti baafatan. Nama sun gadi dhiisisuu fi gadi dhiisuun dhowwuu irratti dhakaan wal hadhan. Tana irratti akka jaarrolee fi bulchiinsaa magaalaa Mooyyalee jedhutti Oromiyaa irraa nama sadii madeessan. Aabba Baggajjaa Galgaloo,bulchaa aanaa Mooyyaleeti.“Hardhallee nama keenna tokko nurraa fuudhanii deemuuniittin jiran ijoolleen qeerroo ta lafa eeddu irratti reebdee irraa buusuu fi buusuu diduu irrati dhagaachaan wal hadhan. Raayyaan ittisa biyyaa gama keennatti tokkosee nama nurraa madeesse.” Nama jarii naannoo Somaaleetii fuudheen badeen kun tokko irraa buusanii tokko irraa hin buufne ya fudhtanii badeen.Nama hedduu akkanaan asi cophxee isaanii dhabanitti jiraa jedha aabba Galgaloo Baggajjaa. “Guyyuma guyyaan makiinaa keenna dhakaan caaccabsan,guyyuma guyyaan, nama keenna nurraa ukkaamsan,ijjeesan ganna 27 cufaa akkanuma,” jedha bulchaan aanaa Mooyyalee aabba Galgaloo Baggajjaa.
“Guyyuma guyyaan makiinaa keenna dhakaan caaccabsan,guyyuma guyyaan, nama keenna nurraa ukkaamsan,ijjeesan ganna 27 cufaa akkanuma,” jedha bulchaan aanaa Mooyyalee aabba Galgaloo Baggajjaa. Warrii sadeen hardha madaahe kun lama rasaasatti madeesse tokko ammoo dhagaan madeessaan. Warra Raayyaan Ittisa biyyaa madeesse keessaa tokko Biqilaa Fiqaaduu Rafeeraati kaan ammatti maqaa hin beenne. Rakkoo tana himachuuf warrii lafaalleen gara gara kaambii waraana Mooyyalee yaa’ee himatee waraanillee nama madeesse sun waan beekaniif bori akka ummatii fuulaa laalee beekee addaan baasu gaafate. Jaarrolee fi bulchiinsii Mooyyalee rakkoo akkanaa tana oli iyyachaa dhandhee ufi jibbaanne jedha. “Waraana Mooyyaletti akkana namii dhumate ka lafa Oromoo irratti seera malee mana jaaraniin duratti qaamii mootummaa ka bulchiinsaa fi jaarsii biyyaalleen keessa jiru haga muummicha minsiteraa yaanee muummicha ministeraatuu dubbimnee marroo 4-5 himannee dadhabne,”jedha abbaa Galgalo. Tana maleellee fulaa hedduutti himatan.“Waan kana fulaa itti hin iyaytanin qamnu.Haga naannoo haga Oromiyaa haga federeshinii fulaa itti hin iyyatin hin qamnu.Furmaatii garsii nuu dhufu hin jiru,’ jedha. Mooyyale akka bulchiinsaa aanaa Mooyyalee jedhutti lakkoofsa beekaa diqqeessuuf akka henna bara 1997 keesatti kuma 30 haa jedhanii malee nama 400 fi kuma 70 caalutti jiraata.
Dhaggeeffadhaa No media source currently available
Gabaasa guutuu dhaggeeffadhaa No media source currently available
Qophii guutuu dhaggeeffadhaa No media source currently available
Gabaasa Finfinnee irraa ergamee caqasaa No media source currently available No media source currently available
Gaaffii fi deebii guutuu dhaggeeffadhaa No media source currently available
No media source currently available Galmee kana irra kan jiran himatamtoonni ka biroon kudha Sadii gaafuuma bellamnii kennamee kanatti ragaa ittisaa dhaggeefachuun kan itti fufuu ta’uun ibsamee jira.
No media source currently available
Walitti-hidhata uummatoota Amaaraa fi Oromoo gidduu jiru cimsanii ka dubbatan – Prezidaantiin Bulchiinsa naannoo Amaaraa – Obbo Gadduu Aandaargaachoos, tokkummaan kun, “ololawwaan diiggaa hedduu injifachuun kan as gahe” jedhanii jiran.
No media source currently available
‘Mootummaan Itiyoophiyaa Karaa Poolisii Keeniyaa dhiibbaa Baqattoota Oromoo irraan geessisuu itti fufeera’ Fiqaaduu Dirribaa Barreessaa Waldaa Baqattoota Oromoo Naayiroobi Baqattoonni Oromoo Naayiroobii jiran dhiibbaa Mootummaa itiyoophiyaatiin rakkachaa jirra jechuun dubbatan. Barreessaan Waldaa Hawaasa Baqattoota Oromoo Naayiroobii Obbo Fiqaaduu Dirribaa; Waldaan Baqattoota Oromoo akka seera Keeniyaatti ka galmaayee jiru ta’us yeroo ammaa kana garuu poolisiin Keeniyaa walgahuun keessan ‘Faayidaa Mootummaa Itiyoophiyaa tuqa’ jechuun wal geenyee akka gaggeessallee hin filanne nu dhorke jedhu. Akka Obbo fiqaaduutti murtee kana duuba kan jiru harka Mootummaa Itiyoophiyaati. No media source currently available ‘Yeroo gara garaa Mootummaan Itiyoophiyaa Qondaalota Poolisii kanaa waliin walitti dhiyeenyaan hojjetuu. Nuti akka hawaasa Koomiwunitii Oromoo Naayiroobiitti ijaaramnee galmoofnee hawaasa seeraan gurmaayee. Utuu sun jiruu yeroo rakkina keenyaa walitti dhufnee mariyachuudhaaf deemnu, namoota haaraa filachuudhaaf koree yoo nuti barbaannu, akka wal hin geenye dhiibbaa guddaa nurraan gahee Mootummaan Itiyoophiyaa karaa Naayiroobii Kaawuntii Poolisiitiin. Rakkina guddaatu nurra jiraa. Akka uummata keenya tajaajillutti miseensa walgahii walitti yaamnee ‘gathering permit’ fudhannee Paangaaniidhaa, erga fixnee galmaaf maallaqa baafneen booda, waraqaa eyyamaa ‘gathering permit’ illee nurraa fudhatanii ergasii wal gahuu hin dandeenyu, marii rakkina keenya walitti dhufnee waliin mariyachuu hin dandeenyu, uummata keenya qarqaaruu dadhabnee jirraa jechuudha.’ Qoqqobbiin kun erga Baqattoota Oromoorra kaa’amee gara waggaa ti. Haalli kuni kabaja Ayyaana Irreechaa silaa Naayiroobii naannoo ‘City Park’ jedhamutti waggaa waggaan gaggeeffamu, ganna darbee kaasee akka hafus godheera. Waggaa darbe ayyaana kana kabajuuf namoota ‘City Park’tti argaman Poolisiin Keeniyaa Wal gahii seeraan alaatii jechuun isaan bittinneessee, kan 42 ta’an to’annoo jela oolchee ture.
Guyyaa afur boodas manni murtii Baqattoota Oromoo fi Lammilee Keeniyaa ayyaana kana kabaja ayyaanaa kana irratti qabamanii turan sana gadhiiseera. Leencoo Eeliyaas Baqataa Oromoo bara 2014, as gara Naayiroobiitti baqatee dhufeedha. Innis namoota 42’mman ganna darbe to’annoo jela oolan keessaa tokko ture. Leencoon haala itti ganna darbe to’annoo jela oole yoo dubbatu, ‘Itti gaafatamaan isaanii nuti sadarkaa qaama nuu oliitu akka isin dhimma qabdan nutti bilbilee sagantaa achitti rakkoo biyya Itiyoophiyaa keessa jiru asittillee uumuuf deeman waan ta’eef dhaqaadhaatii namoota sana kaanis bittinneessaa qabaa jedhanii nu ergan juchuudhaani kan nu qabani.’ Jedha. Baranammoo Waldaan Hawaasa Baqattoota Oromoo Naayiroobii eyyama wal gahanii ayyaana Irreechaa kabajuuf gaafatee ture guutumaan dhorkameera. Baqattoonni Oromoo fi Lammileen Keeniyaa ayyaana kana kabajuuf yaadaa turan utuu ‘Irreecha’ hin kabajinis hafaniiru. Poolisiin Keeniyaa eyyama kana ‘Sababa siyaasaatiif nu dhorkee’ jedhu Barreessaan Waldaa Hawaasa Baqattoota Oromoo Naayiroobii. Obbo Fiqaaduun, ‘Buufata Poolisii Gigiirii, Naayiroobii dhimma kana hordoffiif yoo dhaqnee gaafannu, ajajaan buufata sanii ‘Walitti qabamuun keessan faayidaa Mootummaa Itiyoophiyaan walitti bu’a, kanaaf sin dhowwanne deebii jedhu nuuf kenne’ jedhan. Eyyama kana kan dursaan isaaniif barreessuuf ture Buufata Poolisii Central Nairobi dha ture. Haala qoqqobbii baqattoota Oromoo as Keeniyaa jiraniirra jiru, darbees waa’e dhowwamuu kabaja Ayyaana Irreechaa Naayiroobii Ajajaa Buufata Poolisii Central ka ta’an Jooseef Koome gaafachuuf yaallus argachuu hin dandeenye. Dabalataan dhimmi kuni kan ilaallatu Waajjira Dhimma Baqataa Keeniyaati. Waajjirichi baqattoota as Keeniyaa keessa jiran galmeessuu, darbees nageenya fi mirga isaanii kabachiisuuf itti gaafatamummaa qaba.
Waajjirichi baqattoota as Keeniyaa keessa jiran galmeessuu, darbees nageenya fi mirga isaanii kabachiisuuf itti gaafatamummaa qaba. Komee Baqattoota Oromoo kana ilaalchisees ‘yaada irratti kennuu akka hin feene’ hime. ‘Dhiibbbaa Mootummaan Itiyoophiyaa baqattoota Oromoorraan gahu kan hordofee raawwachiisu Imbaasii Itiyoophiyaa Naayiroobii jiruudha’ jedhu baqattoonni. Imbaasii Itiyoophiyaa Naayiroobiitti Itti gaafatamaa Paabliik Diiploomasii fi Sab – Qunnamtii kan ta’an Obbo Habtaamuu Baayyee himannaa kana ilaalchisee, ‘Imbaassiin Itiyoophiyaa ergama hariiroo biyyoottan lameenii cimsuu fi rakkoo lammilee Itiyoophiyaa as jiraatanii furuu irraa kan hafe dhimma jedhame keessaa harka akka hin qabne’ kan ibsan. Irra deebiidhaanis ‘Mootummaan Itiyoophiyaa humnoota poolisii Keeniyaa fayyadamee baqattoota gidirsa’ isa jedhu Obbo Habtaamuuf yoo kaafnu, ‘Keeniyaan biyya walaba taatedha, kanaaf Imbaasiin humna hojii kanaa raawwachuu hin qabu’ jechuun deebisan. Obbo Habatamuun akkas haa jedhaniyyuu malee bara 2015 Barruun ‘Sunday Express’ jedhamu Imbaassiin Itiyoophiyaa Keeniyaa jiru miseensota Poolisii Keeniyaa 50 ta’aniif baasii kaffaluun baqattoota lammiin Itiyoophiyaa ta’an irratti rakkoo dhaqqabsiisaa akka ture gabaasuun isaa ni yaadatama.
Makiinaan fa’iisaa 8n qawweellee fa’achuu hin oolu jedhanii Boorana magaalaa Sooddaa dabruu dhowwan kaan ‘humnumaan’ naannoo Somaaleetti dabre No media source currently available Akka jiraattotii godina Booranaa aanaa Dirree magaalaa Sooddaa jedhanitti makiinaa fa'iilee kun Kamisa dabre wal harkisaa,Boorana, Soodda dhufe. Warrii lafaa waan makiinaan kun fa'ate shakkee bulchiinsallee yaammatee waan keessa jiraa gaafatan.Midhaan malee woma keessa hin jiranii jedhee waraanii makiinaa keessa jirulleen soquu nama dhowwee ummatilleen karaa bahuu dhowwe. Guyyaa lama magaaluma,Sooddaa tursanii waraana makiinaa sun faana dhufelleen dabalamee dabruu fi dabruu dhabuu irratti wal dhabanii waraanii akka warrii lafaa jedhutti namii 3 haga 4 waraana suniin du’e. Akka itti gaafatamaan bulchiinsa nagaa aanaa Dirree,aabba Kulultuu Saaraa jedhutti ummatii waan lama gaafate.Warrii nama fixe akka gaafatamuu fi wannii makiinaa sun keessaa jiraa akka maan taate beekmatu. Adoo sunuma irratti wal falmanii namilleen lafatti gobbatee jarii humnaan karaa banatee namallee dhaanee achii oofee gara itti yaa’utti yaa’e. “Daqiiqaa 10 duubatti karaa irraa bu’aa nuu jette.Suniin duubatti nuu cufaa dhaantee baqachiifte.Ka isiin cabsitelleen hin jiraa. Bulchoota godina,ka Oromiyaa fi federaalaa dhufan,abbootii gadaatii fi ajajootii poolisiilleen ya jarii akkana nama dhaanu naannuma sun jiran.Poolisii Oromiyaallee achii oofan,” jedha Awwal. Wal dhaba Kamisaa irratti nama 20 tahutti madaa’e.Kana keessaa akka namii lafa sunii dubbifne, Awwal Hacaa jedhutti madoolee keessaa ijoollee barattootaa ka dibbeessa qawwee dhageettee mana barumsaatii baqatte ka ganna 10,13,17,18 fi19 faatti keessa jira. Itti gaafatamaan bulchiinsa nageennaa ammoo namii ganna diqqaallee madaahuu isaa quba qabaatullee ganna isaanii hin mirkaneeffanne jedha.
Itti gaafatamaan bulchiinsa nageennaa ammoo namii ganna diqqaallee madaahuu isaa quba qabaatullee ganna isaanii hin mirkaneeffanne jedha. Akka bulchiinsilleen jedhutti jaarsaa, jaartii, niitii ulfaallee warra madaahe keessa jira. Waraanii makiinaa kana faana yaa’u mi’a waraanaa hedduun eegan jedhan. Dubbii tana gara Mootummaa Naannoo Oromiyaallee gaafachuuf jennee ammatti hin arganne.
No media source currently available
Gaaffii fi deebii guutuu dhaggeeffadhaa No media source currently available
No media source currently available
Motummaan gama isaan dogoggorri jiru kan bulchinsa Federaalaa otoo hin taane kan ilaalcha humnootii sirni kun of keessatti qabatee jiruuti jedha.Tajaajilli oduu Itiyoophiyaa maqaa aangawaa kaasuun akka gabaaseetti walitti bu’iinsa kanaaf mootummaa Federaalaa maqaa dhahuun sirri miti.Kana malees kanneen mootummaa Federaalaa komataa jiran sirri miti jedhanii jiru.
No media source currently available
Lakkoobsa fi Eenyummaa Namoota Awwadaay Keessatti Ajjeesamanii Irratti Yaada Wal-faallessu Tu Dhaga’ama Walitti-bu’insa naannoolee daangaa Ormiyaa fi bulchiinsa naannoo Somaalee Itiyoophiyaa keessatti walitti-bu’insa jiruun wal-qabatee Wixata dabre kana namoonni 32 magaalaa Awwadaay keessatti ajjeesamanii jiran – jechuudhaan, naannoo Somaalee irraa miseensa paarlaamaa kan turan tokko Raadiyoo Sagalee Ameerikaa, sagantaa Afaan Somaaleetti himanii jiran. Boqor Alii Omar Alallee, ka jedhaman – miseensi paarlaamaa sun, gaafa Wixataa halkan – Obboleessa isaanii xiqqaa dabalee namoonni ajjeesamuu fi Obboleessa isaanii fi namoonni kaan morma muramanii kan ajjeesaman akka tahetti dubbatan. Dubbi himaan mootummaa naannoo Somalee Itoophiyaa Obbo Idiris Ismaa’el, haga ammaatti aanaalee kudhan keessatti namoonni isaanii 165 ajjeefamanii, namoota 9 irraa miidhaan gadhu. Kan walitti-bu’iinsa deemaa jiru hogganaa jiru mootummaa naannoo Oromiyaa akka ta’e illee dubbatan. “adda-dureedhan poolisii naniichaatti fayyadamuudhan pireesdantii naannoo Oromiyaa, Obbo Lammaa Magarsaa, Itti-gaafatamaa dhimmoota Koomiyunikeeshinii - Obbo Addisuu Aragaa fi qaamaa naga-eegumsaa nannichaa waliigalaa tu fixiinsa kana geggeessa” jedhan. Itti-gaafatamaa dhimmoota Koomiyunikeeshinii Mootummaa naannoo Oromiyaa – Obbo Addisuu Araggaa garuu, namotni Awwadaayitti ajjeesaman dhaloota Somaalee irraa 12 dhaloota Oromoo Jaarsoo irraa 6 ta’uu adda-baafannee jirra. Ittiin ka’insi isaa, bulchaa aangaa Gursum duraanii – Saalaa Mohammedii dabalee magaalaa Bombaas, ka bulchiinsa Somaalee keessatti qabamanii ajjeesamuu akka tahee fi hiriirri mormii sanaaf magaalaa Awwadaayitti Wixata dabre geggeessame gara wal-lolinsaatti jijjiiramuu akka tahe dubbatan. Namoota ajjeesaman sanaaf, mootummaan isaanii gadda itti dhaga’ame kan ibsuu tahuu fi namoota gara dhibba lamaa qabee ka qorannaa irratti geggeessaa jiru ta’uu dubbatanii jiran.
Namoota ajjeesaman sanaaf, mootummaan isaanii gadda itti dhaga’ame kan ibsuu tahuu fi namoota gara dhibba lamaa qabee ka qorannaa irratti geggeessaa jiru ta’uu dubbatanii jiran. Ajjeechaa achii fi bakkawwan birootti geggeessame irraa kan ka’e rifaatuu fi yaaddoo uumameen lammiwwan Oromoo manaa fi qehee ofii bulchiinsa Somaalee Itiyoophiyaa keessaa baqatanoo Oromiyaa seenaa jiranii haga kuma digdamaa ga’uu dubbatan. Jiraattota naannoos haasofsiisnee jirra. Qophii guutuu dhaggeeffadhaa No media source currently available
Kana cuqaasuun gaaffii fi deebii Obbo Addisuu Araggaa waliin geggeessame dhaggeeffadhaa No media source currently available
No media source currently available
“Dhiyoo tana keessaa fayyaalee miti ji’a lama qofa leenjifamee waan moohuuyyuu hin seenee ammoo amma ya moo’ee guddoo gammadee,” jette Almaaz mootee galtee jennaan.
Gabaasa guutuu: Kutaa 1 ffaa No media source currently available Gabaasa guutuu: Kutaa 2 ffaa No media source currently available
No media source currently available
Gabaasaa guuutuu dhaggeeffadhaa No media source currently available
IOM koolu galtoonni kun bakka itti hidhamanii jiran adda baafachuuf michoota isaa waliin hojjetaa jiraachuu beeksise.
Akeekkachiisi imalaa kun kana duras yeroo adda addaatti kan ba’e waan ta’eef bal’inaan marsaa interneetii keenyaa afaanoromoo.voanews.com irraa argachuu dandeessan.
No media source currently available
"Garaa haadhaa keessaa wa baratanii hin bahan namii cuftii waaan dhalateef qaba. waan keenna jabeeffannee obsaan qorachuu malle" No media source currently available Lalistuu Tooofq diqqeennumaanuu waan akaakuun isii itti hime barreeffchaa lafa keeyyachaa dhufte.Qaraa seenaa akaakuu isii barreeffachaa,isuma irraa aadaa fi seenaa barachaa guddatte. Qalbuma suniin amma kitbaa shanii fi fiilmii shan barreessite. Fiilmiin isii shanan: 1.Ceefaa fi Fokkoo: Waan aadaan lagatanii fi hin lagannetti keessa jira. Lalistuu waan argitu irraa kaatee kana barreessite.Fkn fiilmii kana keessaa siirba Abdullaahi Jirmaa ka innii amala ijoollee laalee egeree isaan dura sirbaan raagee sirbeetti keessa jira. “Inatla qajeeltuu gorsa warra isaanii womaayyuu hin seetuu--- hin aargineef ibiddaan taphattaa---warrii diraa kun naasuu namaa hin qabu.” jechaa waan ijoollee magaalatti galtee amalaa fi ufii gattee fakkeessee sirbe. 2. Nu Tokkuma:Kun waan tokkummatti dubbataa.Keesssattu waan Booranaa fi Gujii. 3.Ufi Beeki-kana keessaa waan cufa caalaa ufuma beekuun barbaachisaa akka tahe barreessite. 4.Waan Ufii:Kana keessatti aadaa ufii,jabeenna ufii,qaroomaa ufii fi waan ufii cufaa beekuu akka malan. 5.Qaroo:Waan qaromii uumamaanuu qamnu dubbataa jetti Lalistuun. "Gadaa,Cirreessa fi Cireetii,qarooma dubbii,qarooma ogumaa fi qarooma Waaqii nuu dhale hedduutti keessa jira." Fiilmii kana keessaa haga tokko akka dokumenterii hojjachuu feeti. Kitaabii isii ka isiin waan hedduu keessatti hojjachuu feetu keessaa tokko ka waan “Guddisa Ijoolee” keessatti barreessite.Kitaaba kana keessatti akka Boorannii ijoollee itti guddifatu, maan jedhee akka faarsu,diqqeennaan maan akka barsiifatu,afaan ceeraa fi fokkoo; waan lagachuu malanii fi waan hedduutti keessa jira.
Fkn faaruu ijoollee keessaa “Ijoollee… ijoollee…daraaraa rukeessaa daraaraa…daraaraa dureessaa- qabee waaqatti urgeessaa...” Kaan ammoo “Dahlaee tiyya ma bootaa…boottee qalbii na qoodaa.. dhalanii dhaananii dhalanii yaamanii…” Amalii Lalistuun wayiin barreessuuf qabdu “Fillimii kana shananuu guyyaan hin barreesu halkan barreessa.Yoo hiriiraa gadi gadi ciisu wantii barreessuu mataa keessa na murti.Haga kahee hin barreessin rafuu hin dandahu.” Lalistuun karoora hedduu qabdi.Kitbaa Guddisa Ijoollee kana dokumenteriitti deebisuu feeti. “Dafnee dadhaqabuu baannaan ijoollee kaartuun daawwachaa waan ufii gataa guddatti.” Akka jecha isiitti namii dhalootaan wa beeku hin jiru.Namuu yoo obsaa fi karoora qabaate,abdii kutachuu baate waan hedduu hojjachuu dandaha. “Amala waan ufii barreessuu,guddisuu,amala wa barreessuu qabaachuu fi wa dubisuu qbaachuu malle.” Gara feenu yaanullee ceera ykn safuu qabaachuu,wal qarqaaruu,beesee qofaa miti 'jabaadhu' jechuun waan guddoo jetti. Lalistuun inatala ganna 23ti.Yuniverstii eebbifamte.Huji isii tanaa fi maatii, dhalaa fi hariyaa hedduu galateeffatti. Keessattuu Shaalaqaa Jaatanii Alii nama kitaabii kun yaada guddinnaa,jaalaa fi ufi beekuu innii lafa kaahe irratti barreeffame galateeffachaa barreessite. "Gaafa innii jiru beekuu dhaqabachuu baadhullee Jaataniin nama ummata isaa guddisuu, barsiisuu jedhee ufi kenne.Innii jiraachuu baatullee hujiin isaa addunyaa tana irra jirti.Shalqaa Jaatanii biyyeen sablatinnaaf.” Lalisuun akka namuu horii qofaa mitii haga guddaan yaadaan wal dhaabatu feetu. “Wal qarqaarsii beesee walii kennan qofaa mitii‘jabaadhu’ jechuun waan guddoo tokko. Garuma feetellee deemtu Ceeraa fi fokkoo aadaa teetii qabaachuu malte.” Namii garaa keessatti wa baratee bahee hin jiruu namuu karoora qabaatanii waan hojjatan sun jaalannaan hinuma taati jetti Lalistuun.
Garuma feetellee deemtu Ceeraa fi fokkoo aadaa teetii qabaachuu malte.” Namii garaa keessatti wa baratee bahee hin jiruu namuu karoora qabaatanii waan hojjatan sun jaalannaan hinuma taati jetti Lalistuun. Lalistuu Toofiq magaalaa Dirree,Godina Booranaatti dhalattee kitaabaa fi waan hujii aartii isii manneen kitbaaba Oromoo hedduu keessa jira.
Kana cuqaasuudhaan gaaffii fi deebii guutuu dhaggeeffadhaa No media source currently available
Kana cuqaasuun qophii guutuu dhaggeeffadhaa No media source currently available
Gaaffii fi Deebii Kutaa Duraa kana cuqaasuun dhaggeefadhaa No media source currently available No media source currently available
Garu manni murtii bellama biroo Guraanadhala 22 bara 2009 tti kennee jira.
Gabaasaa guutuu kana tuquun caqasaa No media source currently available
Gabaasa guutuu kana cuqaasuun dhaggeeffadhaa No media source currently available
Bellama kana irratti abbaan alangaa wabii Siidii irratti warabbame dhiheefachuu ibsan, garee abukaatota hidhamtootaa keessaa Obboo Wandimmuu Ibsaa Gabaasa guutuu dhaggeeffadhaa No media source currently available
Bishaan Hara Turkaanaa Hanqataa Jira Itiyoophiyaan kuufama bishaan laga Gibee isa 3ffaa baatii Muddee bara 2016 suluula Omoo keessatti hojii jalqabsiiftee jirti. Kunis projeektii guddaa kan misooma shukkaaraa fi Jirbii kan dabalatuu yoo ta’uun beekamee jira. Iddoo sanatti bishaan kuusuun kan jalqabamee bara 2015 keessa yoo ta’u akka gara hara Turkaanaatti akka hin yaane ta’e ittifame. Omishii shukkaaraa fi Jirbii babal’ataa yeroo deemuutti bishaan dabalataan Turkaanaa irraa fuudhama. Gareen mirga dhala namaaf falmu Hiyumaan Raaytis Waach akka jedhutti baayyinni bishaan hara Turkaanaa waggootii lamaan darban keessaatti meetra 1.5 hir’ate.Baatii sadaasa baara 2014 as immoo iddoon dur bishaan hara Turkaanaa baatuu ga’u fi laftii gogaan itti wal ga’u kiloomeetra tokkoo fi qabxii torba wal irraa fagaate.Bishaantu keessaa hir’ataa deeme jechuu dha. Itiyoophiyaa fi Ertraatti qorataa gameessa kan garee Hiyumaan Raaytis Waach Felix Horn akka jedhutti hojiin misoomaa iddoo sanatti gaggeeffamu kun madda nyaataa fi jireenya naannoo suluuta Omoo fi hara Turkaanaa jiru midhee jira.Misoomnii gaggeeffamu kam iyyu bishaan hedduu barbaada. Bishaan kun misoomaaf fudhatamuun uummata naannoof akkaan yaaddessaa dha. Jijjiramnii qilleensaa mudataa jiru immo darana haala jiru uummata Turkaanaa irratti sodaa yeroo dheeraa uumamee jiraJiraattonni nannoo akka jedhanti haala itti Roobnii roobu yeroodhaa gara yerootti jijjiramaa jira. Kana malees naannoo suun guutummaatti caamaan caalaatti gogaa jira.Margii dheedichaa hanqataa jira.Gama kaaniin hedduminni lakkoobsa uummataa immo dabalaa jira.Knaaf qabeenya hafee irratti walitti bu’iinsii uumamauu dabaluuf jira. Gareen mirga dhala namaaf falmu Hiyumaan Raaytis Waach akka jedhutti badii dhaqqaba jiru kana irratti mootummaan Keniyaa Itiyoophiyaa irratti dhibbaan godhe hin jiru.Kana maleessa dhibbaa projeektiin kun geesisuu malu hawaasa naannoof hin ibsine.
Gareen mirga dhala namaaf falmu Hiyumaan Raaytis Waach akka jedhutti badii dhaqqaba jiru kana irratti mootummaan Keniyaa Itiyoophiyaa irratti dhibbaan godhe hin jiru.Kana maleessa dhibbaa projeektiin kun geesisuu malu hawaasa naannoof hin ibsine. Mootummaan Itiyoophiyaa akka labseetti Kuufama bishaanii Gibee 4ffaa Dolaaraa Biliyoona 1.6 ijaaruuf jira. Inni 5ffaanis sadarkaa karooraan qabamee jira jedhama. Gabaasa guutuu kana cuqaasuun dhaggeeffadhaa No media source currently available
Gaazzexeessaan Dochee Veelee Naannoo Affaar Keessatti Hidhamee Hiikamuu Isaa Dubbata Gazzexeessaan Raadiyoo Sagalee Jarmanii, ka Doochee Veelee, hojiidhaaf gara bulchiinsa naannoo Affaritti otuu bobba’ee jiruu, sa’atiilee haga tokkoof to’annaa ppolisii jala turee hiikamuun isaa beekamee jira. Cunqursaa fi dararaan akka irratti raw’atame VOAtti ka dubbate gaazzexeessichi – Yohaannis Gebre-igzaabiheer, Itiyoophiyaa keessatti nageenyi gaazzexeessotaa yaaddessaa ta’uu dubbata. Ministarri dhimmoota Koominikeeshinii mootummaa Itiyoophiyaa, dhimma sana ka dhiheenyaan hordofaa jiran ta’uu dubbatan. Koomishinara poolisii Affaar telefoonaan haasofsiisuuf carraaqqiin goone hin mikoofne – jedha gabaasaan keenya – Melleskaachew, Amahaa Finfinnee irraa. Gaazzexeessaan Raadyoo Sagalee Jarmanii, ka Doochee Veelee – Yohaannis Gebre-igzaabiheer, kaleessa gara bulchiinsa naannoo Affaar deemuun isaa caama naannawa sana mudate gabaasuuf ta’uu gaazzexeessaa VOA-tti himee jira. Magaalaa guddittii bulchiinsa naannoo Affaar – Samaraa akkuma ga’ettis, gara waajjira itti-gafatamaa Ittisa balaa naannoo sanaa – gaaffii fi deebii geggeessuuf beellama fudhachuu isaa dubbata – gaazzexeessaa Yohaannis. Kana gidduutti, haala isa mudate ennaa ibsus “kana gidduutti, Dochee Veelee irraa wanna natti himame tu ture. Yunivarsitiin Samaraa achuma jira waan ta'eef, prezidaantiin Yunivarsitii sanaa hidhamuu oduu dhageenyee jirraa tii --- gama isa hidhamees, gama isa hidhees gaafadhuu oduu hojjedhu – ka jedhu, gulaalaa kiyya irraa natti himame. Yeroo sanatti, ani Yunivarsiticha irraa naman quunnamu waanan hin qabneef, yeroo dheeraa gara sanatti deddeebi’uu irraa hirityootan Affaar keessaa qabu keessaa tokkon gaafadhe. Telefoona itti-gaafatamaa quunnamtii uummataa Yunivarsitichaa waan hin qabneef, hiriyoonni isaa ka biroon “garaf manaatti deemee jiraa tii, mana isaatti argachuu dandeessa” jedhe.
Telefoona itti-gaafatamaa quunnamtii uummataa Yunivarsitichaa waan hin qabneef, hiriyoonni isaa ka biroon “garaf manaatti deemee jiraa tii, mana isaatti argachuu dandeessa” jedhe. Kanaaf hiriyaan koo kun na fudhatee gara mana isaa deeme. Waa’ee hidhamuu prezidaantichaa gabaasuuf jedheen, waraqaa eenummaa koo itti agarsiise. Dhimmi kun wanna seeraan qabamee jiru waan ta’eef, har’a wabiidhaan hiikaman iyyuu akkamitti akka hiikaman waan beekame waan hin jirreef sitti himuu hin dana’u naan jedhan. Kana irraa ka’uudhaan, waa’ee Prezidaantii Yunivarsitichaa gaaffii fi deebii geggeessitee jirtaa fidi” jedhanii na qorataa turan, jedha – gaazzexeessichi Doochee Veelee. Kanneen qorannaa kana irratti geggeessan namoota shan akka ta’an kan VOA-tti dubbate – gaazzexeessaan kun, Koomishinara Koomishinii Poolisii naannoo sanaa, itti-aanaa isaanii, ajajaa humna addaa, akkasumas itti-gaafatamoota qajeelchaa fi qorattoota kan of keessaa qaban miseensota komaand-poostii akka tahan tu natti himame – jedhee jira. Sababaan hidhamuu prezidaantii Yunivarsitii Samaraas, baatiilee lama dura, kuusaan meeshaa Yunivarsitichaa ennaa gubatetti, prezidaantichi, akka qorannaan foorensikii irratti geggeessamu gaafachuu isaanii wajjiin kan walqabate ta’uu dubbate – gaazzexeessichi Yohaannis. Kana ilaalchisuun, gabaasaan keenya – Melleskaachew Ammahaa – Dr. Nagariitti bilbilee gaafachuu isaa dubbata. Yeroo itti bilbilame sanatti akka waajira isaanii keessa hin jirre itti dubbatanii, “dhimma sana quba. Sababaa hidhamuu gaazzexeessichaas qorataa jirra” jechuu isaanii gabaase – Melleskaachewn. Koomishinara Koomishinii bulchiinsa naannoo Affaar – Obbo Aloo Afkaayinitti deddeebisee bilbilee argachuu dhabuu isaas gabaasee jira. Kana cuqaasuun gabaasaa guutuu dhaggeeffadhaa No media source currently available
Gabaasa guutuu dhaggeeffadhaa No media source currently available No media source currently available
Abbaan Gadaa Booranaa Guyyoo Gobbaa dhiyoottuu Abbaa Gadaa 72essoo Kuraa Jaarsootti Baallii Kenna No media source currently available Abbaan gadaa Booranaa ka qaraa Gadayoo Galgaloo.Raabii Booranaa ka qaraa Yaayyaa Fulleellee.Gadaammojjiin Booranaa ta qaraa Hoolee Bonayyaa. Gammeen Booranaaa ka qaraa Daawwee Borbori akkana jechaa Gadaan Booranaa adoo garagar hin citin Abbootii Gadaa 72esso geette. Suniin duratti Boorannii Abbootii Gadaa hedduu bara Gadaa isaanii hin lakkahaminiif qabaate. Gadaa ganna saddeetitti wal irraa fuudhan.Gadaan Booranaa gogeessa (institution) shan qabdi. Baalliin gogessa tokko ganna 40 irra marti.Abbootii Gadaa Booranaa jaha.Gadaan Booranaa sadii, Angafii Gadaa Booranaa ykn Adulaa Fiixeen Booranaa Guyyoo Gobbaa,ka amma Gadaa harkaa qabu kana jechuu. Gadeen sadeen Booranaa Gadeen sadeenuu yoo Baallii fuutu Garbaa-Meedhicha naqattee hayyuu lallabatti (warra waliin hojjatu filatti). Dameen gosa Booranaa lamaanuu;Sabboo fi Goona Hayyuu ufi filattee Gadaa waliin hojjachiifatti. Hayyuun Gadaa keessatti bakka bu’aa gosaati. Maqaan abbootiin gadaa jahaan waliin qaban,Adulaa. Adulaa Fiixee, itti gaafatama Abbootii Gadaa Booranaati. Abbaan Gadaa Harbooraa(Abbaa Gadaa Booranaa)Guyyoo Gobbaa Abbaan Gadaa Hawaxaa(Hawaxxuu)Rooba Jaarsoo. Abbaan Gadaa Koonnoo(koonnituu)Murquu Jiloo. Jarii kun cuftii yoo Baallii walumaan fuudhee walumaan kenna. Ollaan Abbootiin Gadaa qubatan Yaa’a jedhan.Yaa’ii hujii Gadaa hojjachuuf ganna saddeeti keessatti ardaa jilaa hedduu keessa godaana.Godaanna tanaan Gooroo jedhan.Tanaaf yoo hedduu Yaa’ii Gooroo gadaanee ardaa…qubatee ykna ardaa...jiraa jedhan.
Yoo Abbaan Gadaa Baalii fuudhuu/kennuuf qophaa’u nama hedduutti ollaa Abbootii Gadaatti qubata.Quftuma kanaan Odaa Bulan jedhan. Fkn Yaa’ii Odaa bule. Baallii yoo fuudhan Baalii yoo fuudhan nama torbatti fuudha.Abbaa Gadaatii fi niitiin isaa Gadaa/ Baallii waliin kennan. Maqaa nama torbaanii ka baallii fuudhuu Torbaan Baalii. Warrii Baallii fuudhuuf dhufu yoo qahee Abbaa Gadaa gahu magalata afuufaz dhufa.Qophoofatanii gaachuu fakkaatti. Jarrii Baallii kennulleen eeyee jechuuf magalata afuufa (akeekkachiisa). Magalata kana marroo afur afur warra fuudhuu fi ka kennulleen walti afuufa. Magalatii duraa ka’aa elmadhaa jechuu.Ka itti aanu bobbaafadhaa(horii nu duraa gorsaa) jechuu.Ka sadeessoo kunoo ya dhiyyaannee jechuu.Ka afreessoo kuno ya asi geennee jechuu. Yoo Baallii kennan,ka kennu “Hoo baalii” jedha..ka irraa fuudhu ammoo “kenni Baallii” jedha.Hoo Baallii!...kenni Baalii!. Abbootin Gadaa yoo Gadaa walti dabarsitu walii eebbifti Ka kennu akkana jedhee ka fuudhu eebbisa: “Bultuma waliin bullaa, hormaata na dabri!Bultuma na dabri! Quufa na dabri!” jedhee akka Gadaan Abbaa Gadaa haaraa waan cufaan ta Abbaa Gadaa Baallii kennee caaltu eebbisaaf. Baallii Abbootiin gadaa ganna saddeeti saddeetitti Baalii walit kenniti. Baallii ji’a Gurrandhalaa keessa wal irraa fuudhan.Yoo ji’ii Baallii wal irraa fuudhan dhiyaatu warrii Baallii wal irraa fuudhu Gadaa(warra Baalii kennu) fi Doorii (warra baallii fuudhu) haga km shan wal irraa fagaatanii qubatan. No media source currently available Warrii Baallii kennuu ollaa gama Dhihaa qubataa, warrii Baallii kennu ollaa gama Bahaa qubata.Baallii fuudhanii Bahattiin galan.
No media source currently available Warrii Baallii kennuu ollaa gama Dhihaa qubataa, warrii Baallii kennu ollaa gama Bahaa qubata.Baallii fuudhanii Bahattiin galan. Warrii Baallii fuudhu ka Harbooraa(Abbaa Gadaa Booranaa) Adulaa afur, Bokkuu fi makkala(nama abbooti gadaa hujiin gargaaru) walumattu namii torba ykn 14ti.Maqaan jaraa kanaa Torbaan Baalli. Warrii Baallii fuudhuf dhufu fardaan dhufa.Fardii kun agaloo(bilbila diqqaa mormatti kaahan) qaba. Yoo Baallii fuudhanii Galachuuniif ka’an Doorii(warra Baallii fuudhu) adoo warraa Abbaa Gadaatii hin kaanee achuma taa’ee murata. Murtii isaanii tana namatti jalaa qaba.Fkn “Waaqa Gadaa Yaasi!” jedha. Gadaa harka nu seentee jedhee himachu isaati. Warrii Doorii yoo Baallii fuudhuu akkana jedhee achiin duubatti farda irra bu'ee warra ufiitti qajeela. “G.G.G . Gadaa !, Harboora!Abbaa Biyyaa!” jechaa Baallii fudhatee farda irra bu'ee Yaa’a ufii (ollaa abbootii gadaa) tiin qajeela. Yoo Baallii fuudhanii galan guyyaa gaammachuuti.Guyyaa sadii “Uulmaa” taa’anii alatti hin bahan. Gammachuuniitti duubatti hujiitti dabaran.Abbootiin Gadaa haarahii hujii jalqabuuf Garba lallabatan(hayyuu fi makkala) nama Abbootii Gadaa hujiin gargaaru filata. Abbootiin Gada yoo Baalli kennitu Fuloo Yaate jedhaniin.Bara hujii ufii fixattee qahee ufiitti galtee jechuu. Abbaan gadaa yoo Baalli kenne Abbaa seeraa ta'a.Abbootiin seeraa Booranaa amma jiran lama Liiban Jaldeesaa fi Jilo Aagaa. Abbootiin Gadaa yoo Gadaa ufi irraa kennan yuubomte jedhan.Yoo Abbotiin Gadaa mataa buufattu Baallii kennitee,yoobomtu lubii itti aanu; raabaa, kuusaa, gammee...tahee jalaa guddachaa oli dhufee itti gaafatama itti aanuuf ufi qopheessa.
Gabaasa guutuu kana cuqaasuun dhaggeeffadha No media source currently available
No media source currently available
Gabaasa guutuu dhaggeeffadhaa No media source currently available
Dogoggorri kan Mootummaas Kan Leenjifamtootaatis : Muummicha Ministeera Sabaa himaa mootummaan akkuma ibsame kan kaleessa gad dhiisaman namoonni 4800 biyyattii keessatti hookkara uumamee tureeen waliin wal qabatee jeeqama kaasan jedhamuun shakkamanii fi waaltaa leenjisaa Xolaayii fi Bir Shalaqoo keessatti kanneen leenjii fudhatan turan. Keessumaa godinaalee Oromiyaa shan irraa shakkamanii kan qabamanii fi Xoolaayitti leenjii kanneen fudhatanii fi sirna namoonni kuma 4 gad dhiisaman irratti kan argaman muummicha ministeeraa Haayilamaariyaam Dassaaleny turan. Gaaffii dhiyeessuun mirga kan jedhan muummichi ministeerichaa hookkara, jeequmsaa fi humnaan gaaffii dhiyeessuun garuu gatii nama baasisa jedhan. Ejennoo kana irra kan isin geessan irra hin deebi’amu, qaruma irra hin deebi’amu kan jedhu. akka naaf galetti xumura kana irra kan geessan heerichi heera sirriitti barreeffame. Heera wareegama hedduun barreeffame. Heera sabaa fi sab lammootaa fi mirga namoota dhuunfaa kan kabachiisu. Bor ennaa gara mana ofiitti deebitan gaaffii hin qabaattan jechuu miti. gaaffii ni qabaattu. Angawoota mootummaas ta’e mootummaa waliin yaadaan walii galuu dhabuu dandeessu. Kun mirga keessan. Mirga keessan kana immoo eenyu iyyuu isin dhowwachuu hin danda’u jedhan. Mirga heerri isin gonfachiise waan ta’eef. Kanaaf bor yoo gaaffii qabaattan gaaffii keessan karaa nagaaf hammayyaatiin heera irratti hundooftanii dhiyeeffachuun mirga keessan jedhan. Rakkoo kana dura uumameef dogoggora kan hojjetan mootummaa fi leenjifamtoota ta’uu muummichi ministeerichaa ibsaniiru. Dogoggora keessan isin dubbataniittu. Ani kan ani har’a dubbachuu barbaadu dogoggora mootummaa ti. Dogoggorri mootummaa bulchiinsi sadarkaa sadarkaa dhaan jiru ofitti isin butee mari’achuu, sagalee keessan dhaga’uu kana kan ilaaleen hir’ina qabna jedhan.
Dogoggorri mootummaa bulchiinsi sadarkaa sadarkaa dhaan jiru ofitti isin butee mari’achuu, sagalee keessan dhaga’uu kana kan ilaaleen hir’ina qabna jedhan. Gabaasa guutuu dhaggeeffadhaa
Gabaasa guutuut kana cuqaasuun dhaggeefadhaa
Gabaasa guutuu kana cuqaasuun dhaggeeffadhaa
Abukaatoo: Namoonni Gubachuu Mana Hidhaa Qilinxoon Himataman Dararaan Nu Irratti Gaggeeffamu Hammaate Jedhu Manni hidhaa Qilinxoo gubachuu fi namoonni 23 balaa kanan du’u waliin haala wal qabateen hidhamtoota 38 irratti himannaan yakka kan shoroorkeessummaa diyaachuu Jimaata darbee ibsamee jira.Kanneen keessaa 4 galmee Obbo Baqqalaa Gargaa faa irra kan jiru yoo ta’u mana isaanis man murtiif akka ibsanti harkii isaasii shiboon sireetti yeroo dheeraaf hidhamee akka akka turu akkasumas yeroo rafanis hidhamanii akka ta’e ibsanii turan. Sababaa kanaaniis irreen isaanii ciccitee godaannisa akka qabu abukaatoo isaanti agarsiisanii jiru.Manni murtii garuu, yeroo fudhatee kan hin ilaalllee ta’uun ibsamee jira. Shakkamtoonni soddomii saddeet Jimaata darbe dhaddachatti yeroo dhiyaatan dararaa fi reebichi hamaan akka irratti gaggeeffamu, milli isaanii fannifamee akka tumaman dararaa hamaan akka irratti gaggeefamu mana murtiitti iyyatan. Namoota kana keessaa tokko kan ta’e barsiisaa Abdiisaa Bokaa jedhamu gubachuu mana hidhaa Qilinxoo sanaan du’e jedhamee reeffii isaa warraaf kennamee kan awwaalatan yoo ta’u mana murtii keessatti garu akka waan lubbuun jiruutti maqaan isaa waamamuu abukaatoo kan ta’an Obbo Wandimmuu Ibsaa dubbatanii jiru. Nutis waa’ee du’uu barsiisaa Abdiisaa Bookaa gabaasnee turre. Kana cuqaasuun gabaasaa keenya yeroo sanaa dhaggeeffachuu dandeessu. Jimaata dabre, Manichi murtii yeroo maqaa barsiisaa Abdiisaa waamee dhabu mana hidhaa Qilinxoo irraa kanneen hidhamtoota fidanii dhufan gaafannaan waraqaa dhiyaate dubbisaa jechuunb mana murtiitti himan.Manni murtiis dubbisee bellama itti aanuutti haa dhiyaatu jechuun jabeessee ajaja kenne jedhu - Obbo Wandimmuun. Namni du’e awwaalamee eessaa dhiyaachuu danda’an? isa jedhuuf saanduuqa reeffa isaatii akkuma cufamee maatiitti akkuma kennametti warri Abdisaa ituu hin baniin awwaaluu isaanii fi namoota balaa Ibiddaa Qilinxoon dhuman jedhame 23 eeenyummaa isaanii mootummaa maatii reeffi itti kenname qofa jedhu.Sababiin isaas mootummaan ifatti waan labsee waan hin qabneef jedhu.
isa jedhuuf saanduuqa reeffa isaatii akkuma cufamee maatiitti akkuma kennametti warri Abdisaa ituu hin baniin awwaaluu isaanii fi namoota balaa Ibiddaa Qilinxoon dhuman jedhame 23 eeenyummaa isaanii mootummaa maatii reeffi itti kenname qofa jedhu.Sababiin isaas mootummaan ifatti waan labsee waan hin qabneef jedhu. mootummaa fi maatii qofa jedhan. Gama kaaniin kan torban darbe to’annaa jala oolan Dr. Mararaa Guddinaa Jimaata darbee yeroo manni murtii cufamuuf dhiyaateetti waaree booda sa’atii 4 irratti murtiitti dhiyeeefamuun ibsamee jira. Himannaa manni murtii irratti dhiyeessees shoroorkeessumma ta’uu manni murtii ibsee jira. Kan Dr. Mararaa waliin mana isaanii keessaa qabaman dargaggoonni lama haga ammaatti mana murtiitti kan hin dhiyeeffamne ta’uun ibsamee jira. Kana cuqaasuun gaafii fi deebii geggeeffame caqasaa
Kana cuqaasuun gabaasaa guutuu dhaggeeffadhaa
Gabaasaa Guutuu kana cuqaasuun dhaggefadhaa
Baqataan Biyya Kaanii Gargaarsa Argatee Kan Oromoo Garuu deeggarsa Dhabe Jedhu Baqattoonni Faransaay Jiraatan Biyya Faransaay magaalaa Paaris irraa sa’aatii tokkoo fi walakkaa fagaatee bakki jiruu fi Jangle jedhamu daangaa Faransaay fi Ingilaand irratti argama. Magaalaan isaa kaalee jedhama. Bakki kun baqattoonni seeraan ala biyyattii seenan qubsuma yeroofii tolfatanii bakka jiraatan. Baqattoonni bakka kana jiraatan baaburaa fi konkolaataa dhaan gara Ingilaanditti ce’uuf yaalu. Akka baqattoonni bakka sana jiraatan jedhanitti baqataa kuma 15 ta’utu laastikaan qubsuma ijaarrate keessa jiraata. Baqataan Oromoo waggoota muraasa dura godaanee yeroo ammaa gamas jiraatu. Dargaggoo Abdii Soolan haala baqattoonni Jungle keessaa maal akka fakkaatu kan ijaan arge nuuf ibsee jira. Hanga danda’ametti baqattoota kanneen biroo waliin ta’uun afaan hiikuu fi galmeessuu dhaan gargaaraa jirra jedha Abdiin. Baqataa ka biroon eeyyama jireenyaa hin arganne qubsummi jangle sun diigamnaan mootummaan achii kaasee gara Kaaba Faransaayitti nu geessaa jira jedhu jiru tokko akka jedhetti hawaasa ofii biraa illee gargaarsi nuti arganne waan hin jiraanneef keessumaa ijoolleen umuriin isaanii waggaa 18 gad ta’an boodatti hafaniiru. Nuunis bakka isaan itti nu geessan hin beeknu. Itti adeemnee hubannaa jedhe. Dubbi himtuun dhaaba baqattootaa kan tokkummaa mootummootaa Celine Schmitt Mooraa Kalee ka Faransaay irraa VOAf akka ibsanitti mooraan kun mootummaa Faransaayiin diigamuu isaa beeksisaniiru. UNHCR mooraan sun diigamuu simatee jira sababiin isaas namoonni achi jiraatan haalli isaan keessa jiran fedhii bu’uuraa kan hin guunne waan ta’eef jedhan. Kanaaf namoonni 1900 ta’an Jungle gad dhiisanii waaltaalee keessa qubatan kanneen Faransaay keessaatti imalaniiru jedhan. Ijoolleen kun irra hedduun kanneen Kaalee Jungle keessa jiraatan Sudaan, Afgaanistaan, Itiyoopiyaa fi Eeritraa irraa ti jedhan. Gabaasa sagalee kutaa 1ffaa Gabaasa sagalee kutaa 2ffaa
Gabaasa sagalee kutaa 1ffaa Gabaasa sagalee kutaa 2ffaa
Gabaasaa guutuu kana cuqaasuun dhaggeefadhaa
Gaaaasa sagaleetif kutaa tokkoffaa No media source currently available Gabaasa sagalee kutaa lammaffaa No media source currently available
KFO: Ayyaanni Irreechaa Bakka Paartiin Mootummaa Fedha Siyaasaa Isaa Itti Uummata Irratti Fe’u Ta’uu Hin qabu Dilbata Ayyaana Gubaatti aanee dhufu irratti, waggaa waggaatti kan ayyaaneffamu – ayyaanni Irreechaa, baranas – yeron isaa ga’ee Dilbata dhufu kana, Bishooftuu Hara_Har-sadiitti ayyaaneffamuuf jira. Ayyaana kanaaf qophiin godhamaa jira. Paartiin mormituu – Koongiresiin Federaalawa Oromoo garuu, deemsa qophii kanaatti akka hin gammadiin beeksisuun ibsa baasee jira. Ayyaanni Irreechaa, ayyaana Oromoon aadaa fi amantii isaa ittiin ibsatu – kan jedhu, ibsi Koongiresa Federaalawa Oromoo, “ garuu, haala deemsi ayyaanichaa gaafatuu alatti sochiin godhamaa jira” jedha. “Fiigichoo Irreechaa guddicha – maqaa jedhuun qophiin jiraachuu fi erbee akkanaa qabadhaa malee, mallattoolee akkanaa hin qabatiinaa” jechuun kanneen wata-watan jiraachuu dubbatee, “fedha dhuunfaa fi fedha siyaasaa isaanii uummata irratti fe’uuf carraaqaa jiru” jechuudhaan, paartii mootummaa naannoo Oromiyaa fi mootummaa naannoo sanaa balaaleffatee jira. Ayyaanni Irreechaa, guyyaa ayyaaneffanaa aadaa fi galataa ta’ee otuu jiruu, haala ayyaneffannaan sun gaafatuu alatti --- karaa malkaa bu’anii ayyaaneffatan irratti Baandii Muuziqaa sirbsiisuu fi haasawa aangawoota polotikaa dhiheessuun, kanneen ibsi paartichaa akka fakkeenyaatti fudhachuun morme. Sochiilee mormii geggeeffaman hordofee – naannoolee Oromiyaa, Amaaraa fi Kibbaa keessatti namoonni dhibbaan lakkaawaman ajjeesamuu ka dubbatan – Miseensi koree hoji-raaw’achiistuu Koongiresa Federaalawa Oromoo – Obbo Xiruneh Gamtaa, ayyaaneffannaan Irreechaas kan kana ilaalcha keessa galche ta’uu qaba – jedhu. Kana ilaalchisee, dubbi-himaan Mootummaa naannoo Oromiyaa – Obbo Fiqaaduu Tesemmaa, deebii gama mootummaa kennuuf waadaa seenanii jiran – jedha – gabaasaan keenya Eskindir Firew.
Kana ilaalchisee, dubbi-himaan Mootummaa naannoo Oromiyaa – Obbo Fiqaaduu Tesemmaa, deebii gama mootummaa kennuuf waadaa seenanii jiran – jedha – gabaasaan keenya Eskindir Firew. Akkuma gargannetti dhiheessina. Gabaasaa aguutuu kana cuqaasaa dhaggeeffadhaa
Gabaasa guutuu dhaggeeffadhaa No media source currently available
Fayyisaa Leellisaa medaaliyaa Riyootti badhaafame 'egerii muuziyeemii keessa keeyyadhaa' jedhee Oromoo kenne No media source currently available Atileeti Fayyisaa Leellisaa eegii Biraazilii Amerikaatti deebihee gara hedduu deemee dubbataa, bulchoota hedduun wal arguutti jirallee. Garuma deemuutti nama hedduu bahee simata.Yoo innii Kibxata torbaan dabree Iraabaataa Waashingiton, DC keessatti qopheessan dhaqellee nama dhibba hedduutti qophii sunitti dhufe.Hawaasii musliimaa Oromoo DC waancaa fi waraqata ragaa Fayyisaa badhaase. Namuu Fayyisaan qabsaahaa mirga namaa jedhee faarsa. Ta DC fixatee jennaan Minisootaatti dabre. Bulchiinsii magalaaa Miniyapoolis akka guyyaan Fayyisaa Leellisaa itti dhalate,Onkolloleessii 2,akkuma qabsaahaa mirga namaa Matamaa Gaandii kabajamuuf yaada dhiyeesse. Wantii Matamaa Gaandii fi atileeti Fayyisaan wal fakkaataniin akka bulchiinsa Miniyaapolis jedhutti jarii lachuu mirga nama addunyaaf qabsaahuu isaaniiti. Bulchiinsii magaalaa Miniyapoolis yaada kana bulchoota magaalaa olloota isaatiin gahuuf itti jira. Bulchiinsii hawaasa Oromoo MN jiruullee yaada kana fudhate. Hawaasii Oromoo Waashingiton,DC atileeti Fayyisaan Goota Jaaraa kanaa (Hero of the Century) jedhee faarsee torbaan dabre keessa ummata baasee irbaata qopheesseef.Namuu atileeti Fayyisaa Leellisaa waan hedduun faarsa. Qophii Fulbaana 18,2016 hawaasii Oromoo Ministootaatti Fayyisaa simate irratti akka warrii qopheesse jedhetti nama kuma hedduutti bahee simate. Akak obboo Teshitee Waaqooi itti gaafatamaa hawaasa Oromoo Minisootaa jedhutti nama 5,000 tahutt qophii Ministota Convention Center keessatti qopheessanitti dhufe. Qophii sun irratti ijoollee dargaggoo,dubartoota,abbootii amantii,atileetotaa fi nama hedduutti diida xuyyuura Miniyaapoolisitti makiinaa Limoziinii guurratee dhufee,kaan ammoo miilaan bahee simate.
Qophii sun irratti ijoollee dargaggoo,dubartoota,abbootii amantii,atileetotaa fi nama hedduutti diida xuyyuura Miniyaapoolisitti makiinaa Limoziinii guurratee dhufee,kaan ammoo miilaan bahee simate. Hawaasii Oromoo MN $20,000 Fayyisaa kenne, Federeshiinii Ispoortii Hawaasa Oromoo Amerikaa Kaabaa Fayyisaa waqii badhaase,waldaan wal gargaasa Odaa Nabee akka jecha obboo Teshitteetti $5,000 Fayyisaa badhaase. Fayyisaan ammoo atileetota Itoophiyaa dorgommii Paralympic irratti dorgomuu dhaqanii achumaan hafan Taammiruu Demisee fi waahela isaa doolara $20,000 kennuuf waadaa gale. Gama kaaniin ammoo Fayyisaan medaaliyaa Riyoo, Biraazilitti badhaasan akka innii egerii muuziyeemii Oromoo keessa taa’u Oromootti kenne. “Medaaliyaa kana warreen qabsoo Oromoo jalqabanii wareegamanii asiin gahan,ka gara fuunduraa wareegamuuf jiranii fi isin yoo tokko taatan gara fuundruraaf yaadannoof keessanii fgaafa Oromiyaan bilisoomte muuziyeemii Oromiyaa keessa akka taa’uuf yaadannoo isiniif kenne,”jedhe. Tana caalaa ammoo “yoo walii hin galle ammo isin irraa nan fudha.” Fayyisaan amma Amerikaa jiraa godina keessa jiraatu mirkansee dubbachuu baatullee New Meksikoo,Koloraadoo fi Arizoonaa keessatti shaakaluu fedhaa jedha.Asiin duubatti leenjiitti deebi’aa jedha.
Paartileen Mormitootaa Itiyoopiyaa Keessatti Mootummaa Ce’umsaa hundeessuuf waamicha dabarsaa jiran Mootummaan Itiyoopioyaa yeroo adda addaatti mormii fi qeeqi irratti dhiyaataa jira. Mormiiwwan dhiyeenya Finfinnee, Oromiyaa fi naannoo Amaaraa keessatti geggeeffaman irratti gaaffiin sirni polotiikaa haa jijjiiramu, seeraa fi haqi haa kabajamu kanneen jedhan dhaga’amaa jiru. Miseensonni duraanii kan paartii biyya bulchu IHADEG fi michuun qabsoo isaa kanneen turan yaada furmaataa ta’a kan jedhan barreeffamoota isaaniin ibsa jiran. Namoota kana keessaa tokko Dr. Aregawi Berihee ti. Furmaati jiru IHADEGiin aangoo irraa buusanii mootummaa ce’umsaa hundeessuu dha kanneen jedhanis jiru. IWEHAT utuu inni qabsoo hidhannoo irra jiru dhaaba kana dhiisanii ba’uu isaanii kan dubbatan Dr. Aregawi Berehe torbee namoota 15 ka biroo waliin ta’uu dhaan ibsa baasanii jiran. Ibsi kunis kan ba’e dhalattoota Tigray kanneen hawaasa sivikii fi paartilee polotiikaa irraa walitti dhufaniif bakka bu’uuf dandeettii qabaniin ta’uu Dr. Aregawi Berihee ibsaniiru. Sirni waggoota 25f nu hacuuce dhabamuu qaba kan jedhu inni tokko. Dhabamsiisuu qofaa irratti hin dhaabatu. Bakka isaa kan uummata giddu galeessa godhateef uummata biratti amantaa horate paartilee polotiikaa maraa fi hawaasa sivikii irraa kan walitt dhufesirni dimokraasummaa uummataa hundeeffamuu qaba. Sirna tortore kana, ofii isaanii iyyuu tortorre kan jedhan dhabamsiisuu dhaan sirna dimokraasummaa uummataa hundeessuu dha jedhan Dr. Aregaawiin. Gama biraatiin Tumsi Uummattootaa fi Dimokraasii ykn PAFD jedhamuu kaleessa mootummaa ce’umsaa Itiyoopiyaa keessatti hundeessuuf yaada furmaataa lafa kaa’uu isaa ilaalchisee kaleessa ibsa baasee jira. Tumsa kana keessa eenyufaatu jira. Qabiyyeen ibsa ba’ee hoo maali isa jedhu waajjira hooggana tumsa kanaaf barreessaa kan ta’an obbo Tolera adabaa nuuf ibsanii jiru.
Qabiyyeen ibsa ba’ee hoo maali isa jedhu waajjira hooggana tumsa kanaaf barreessaa kan ta’an obbo Tolera adabaa nuuf ibsanii jiru. Armaan gaditti caqasaa. No media source currently available
No media source currently available
Korii waldaa Qorannoo ,OSA Adoolessaa 29-31,2016 Waashingiton DC keessatti taa’a Waldaan kun barana ganna 30essoo ulfeeffata No media source currently available Waldaan Qorannoo Oromoo,Oromo Studies Association(OSA) waldaa jiruu fi jireenna Oromoo,aadaa fi seenaa fi eennummaa Oromoo karaa hedduun qoratu. Eegii hujii jalqabee amma ganna 30 keessa jira.Kora baranaa Waashingiton DC,yuniversitii Hawaardi keessatti taa’a.Korii baranaatorbaan duubatti WDC university Howard keessatti jalqaba.OSAn baranaa waggaa 30essoo hujii itti jalqabe ulfeeffata. Hujiin OSA gugurdoon akka bulchootii waldaa kanaa jedhanitti beekumsa Oromoo hammayyeessuu karaa addunyaalleen quba qabaattuun kitaabattiin barreessuu,kora addunyaa irratti qoratani dhiyeessuu fi waan asiin duratti warri Oromoo jibbu karaa hamaan barreessuu qajeelchanii barreessuu fa. Baranallee beekumsa Oromoo waliin qabu,siyaasaa isaa,nagaa isaa, bulchiinsaa fi bulchiinsaa isaa Afrikaa gama Gaafaa keessalleetit jabeessanii jedhee kora taa'a. Kora baranaa iratti akka pirezidaantii OSA(Oromo Studies association) Obboo Henook Gabbisaa jedhutti qorannoo 50 caalanitti kana irrtti dhiyaata.Qorannoon tun qorannoo jiruu fi jireenna Oromoo karaa akka akkaatiin qorachaa baate jedha. “Keessummootaa 600 tahanitti kora kanaaf dhufa jennee abadanna.” Waldaan kun akka jecha obboo Henookitti baruma baraan ijoollee kahimaa yuniverstii fi dhaabbilee barnootaa biyya alaa jiran ufitti dabalchaa,bulchinsa keesastti makachaa deema,karaa waldaa kanaan durattiin deemu qaqqajeelchaa deema. Seenaa keennaa durii abbaa baahireen faatii eennummaa Oromoo irratti maqaa hamaan barreessanii qajeelchaa,eennummaa keenna ufumaa keennaan barreeffachaa,wal deemaa jedha obboo Henook yoo waan OSAn hujii jalqabeef dubbatu.
Seenaa keennaa durii abbaa baahireen faatii eennummaa Oromoo irratti maqaa hamaan barreessanii qajeelchaa,eennummaa keenna ufumaa keennaan barreeffachaa,wal deemaa jedha obboo Henook yoo waan OSAn hujii jalqabeef dubbatu. Laaybireerii ykn manneen kitaabaa gugurdaa hunda keessatti fkn Library of Congress, mana kitaabaa Kongireesii Amerikaa kitaabotaa fi Joornal (barreeffamii qorannoo )OSA hedduutti waahee Oromoo barreessan asitti argamu.Kun moohaichaa guddaadha.” Waldaan OSA kora baranaa irratti ganan 30essoo hujii itti jalqabe ulfeeffata.
Kunoo No media source currently available
Cunfaa imala galatoomaa Jawaar Mohamadii fii Baqqalaa Garbaa Cunfaa haxeerarrii dubbii obboo Jawaar Mohammadii fii obboo Baqqalaa garbaa imala galatoomaa Minisoottaa Sadarkaa Sochii qabsoo Oromoo irra jirtu fii irra turte yeroo Jawaar ibsu. Oromiyaa fii qubee Afaan Oromoo ittiin barachuu fii wal barsiisu, saboonummaa Oromoo fii Oromiyaa sirritti dagaagsu, mootummaa abbaa irree kan ormaan hogganaamu if irraa kaasnee amma “baala taraa” jedhamnee jirru kun bu’aa qabsoo kaleesatiin dhufe. 2. ffa Nuti qabsoo karaa nagayaa filannee jirra. Qabsoo kana milkeessuuf tarsiimoo barbaachiisa tahe hunda lafaa qabna. “Mootumma shinbiroo miti warreen nun jedhaniif bufnee itti agasiifne jirra, kun amma seenaa miti waan bara afur dura tahe. 3. ffaa nuti Rabbii fi Uummata Oromoo abdanne, isaan lachuu bakkaa hin deeman achuma jiran. Qabsoon hundi rakkoo akka qabdu ni hubanna, hidhaa fii ajjechaa hin sodaannu. 4. ffaa Waajjiira keenya tokko yoo cufan kan bira banna. Muka jalatti uummata ijaarra ykn dubbisna malee, qabsoo irraa hin baqannu. 5. ffa Warri Oromoo gaane hunda Rabbii irraa baasaa jira, akka durii miti dubbiin ta baranaa adda. Rabbilleen guyyaa qiyaaman eeguu dhiisee jira natti fakkaata. 6. ffa Yeroo hedduu mootummaa fii biyya adda baasun qabna, nuti biyyi haa diigamtu hin hin jennu. Mootummaan haa jijjiiramuu malee Toophiyaan diigaamuun Oromiyaa fii Oromoo irratti rakkoo guddaa fida. Kana hubachuun barbaachisaadha. Nuti ejjannoo akkanaa qabna, kanaaf murtii jabaan itti deema jirra. Nama nu deeggaaru fii nu hin deegarreefiis kun ifa tahuu qaba. 7. ffa Dhimma Oromoota Walloo kana sirritti beekuun gaariidha, akka Oromoo Harargee fii Arsii ykn bakka biraa jiruu miti. 8. ffa Waraana galchu irratti waan mootummaa fii ABOn irratti waliigalan hojjanne malee, dubbiin akka amma ta’anii dubbatan kana miti.
8. ffa Waraana galchu irratti waan mootummaa fii ABOn irratti waliigalan hojjanne malee, dubbiin akka amma ta’anii dubbatan kana miti. Asmaratti Lammaa Magarsaa fii Daawud Ibsa, Abiyyi fii Daawwud Ibsa akkasumas Leencoo Lataa fii General Birhanu Juula bakka jiranitti gabaasaa Wallagga afran irraa finnetti gabaasne jirra. Viidiyoo fii sagaleen jira ni jira. 9. ffa Gama keenyaan abbaan barbaade nu haa arraabsu, isin wal hin xiqqeessinaa, nuti gogaan keenya gogaa nachaati, humaa hin yaadina. Silaa isiniis akka keenyaa kana taatanii ni barbaanna. 10. ffa Oromoon saba haqaati. Oromoon seenaa kalee kan Jarnaalootin Tigray Qeerroo fii Qarree teenya rasaasan osoo fixaa jirtu, Oromiyaa keessatti lubbuu saba Tigree tokko hin baafne. Ani saba kanarraa argaamuu kootti hedduu gammada. Ummataa kanaaf falmuu kiyyatti hedduun gammachuu qaba. Yeroo sabni hundi qunceen gama muka, faltiin gama loonii taate keessatti, sabni kun ilma isaanii Abiyyii dhisanii gama haqaa gooran. Abiyyi obbooleessa keenya, garuu dogogoora dalagee jira ummatarratti. Duguugga shanyii jechuudhaaf qorannaa hedduu barbaachisa. Nuti nama siyaasati, dafnee dhimma akkanaa keessa seenuu fii murtessuu hin dandeenyu. Jechuudhaan gaafii gurbaa Tigree deebisee jira. Galatoomaa! !
Gammoojjii fii baadiyyaa qofa osoo hin taane magaalota keessa galaa jirra BBC Afaan Oromoo Waraanni bilisummaa Oromoo (WBO) kan mootummaan ‘ABO-Shanee’ jechuun paarlaamaan shororkeessummaan faraje, erga bulchiinsa Abiy Ahimad waliin wal waraanuu eegalee amma waggoonni sadii ol lakkaa’amaniiru. Mootummaan naannoo Oromiyaafi Federaalaa humnoota kanneen balleessuuf yeroo adda addaatti oppereeshinii gaggeessaas ammallee waraanni itti fufeera. Duula waraanaa mootummaan gaggeessaa jiruun hidhattootni kunniin sadarkaa ”yaaddoo biyyaa hin taanerra gahaniiru” jedhamus haleellaawwan tibba kanaa magaalota Gaambellaa, Dambidoolloofi Gimbii milkaahina duulota mootummaa gaaffii keessa galcheera. Torban darbe keessa Adda Bilisummaa Uummata Gambeellaa waliin ta’uun magaalaa Gambeellaatti haleellaa raawwatee baheen namootni 40 ta’an ajjeefamuun gabaasameera. Mootummaan naannichaa hidhattoota magaalaa Gambeellaatti haleellaa gaggeessan kunneen keessaa kan 40 ta’an ajjeesuu himullee, gareen hidhattootaa kana haaluun kaayyoo opereeshinicha gaggeessaniif milkeessanii bahuu himatan. Akkasumas, haleellaa Waxabajjii 18, 2022tti Wallagga Lixaa aanaa Gimbii, ganda Toleetti gaggeeffameen namoonni nagaa lakkoofsi isaanii mootummaan ta’e qaama walabaatiin hin ibsamne hedduu ajjeefamuun gabaafamee. Deetaan Ministeera Tajaajila Kominikeeshinii Mootummaa obbo Kabbadaa Deessisaa magaalota sadeen keessatti hidhattootni haleellaa raawwachuu mirkaneessanii mootummaan tarkaanfii fudhachuu itti fufeera jechuun BBC’tti himan. Hoogganaa WBO kan ta’e Kumsaa Dirrabaa (Jaal Marroon) yaada BBC’f kenneen ammoo kaayyoon haleellaawwan kana humni isaanii magaalota eegumsa qabanis to’achuuf gahumsa qabaachuu agarsiisuuf ta’uu dubbatan. Dimma yeroorratti gaafiif deebisa BBC Hogganaa WBO Jaal Marroo dirribsaa waliin taasise
Dimma yeroorratti gaafiif deebisa BBC Hogganaa WBO Jaal Marroo dirribsaa waliin taasise
Kana jechuun eegumsa dhaabbataa hin kennu, garuu kompiitara kee sirritti sakatta’uun akka vaayirasii tokkollee akka hin qabne qofa agarsiisa.F-Secure Iskaanarii Toora Interneetii Bilisaa… kunoo as tuquun kompiitarri keessan viirusaan faalame moo hin faalamnaa laalaa
1 Shek Hajjii Ibraahim tuufa dura ta’aa 2 Shek Abdulkariim Badraddiin itti aanaa 3 Shek Abdul Aziiz itti aanaa 2ffaa 4 Shek Hamiid Muusaa barreeysaa tahuudhaan filannoon xumurame
Dhimma OSA: Keessummaa Kabajaa fi Waraqaa Qorannoo dhiyeessuun waladda Heenok Gabbisaa Dubbii OSA: Keessummaa Kabajaa fi Waraqaa Qorannoo dhiyeessuun waladda! Bara 2015 Pirezidaantii OSA ta’ee tajaajileen ture. Haqa armaan gadii seenaaf galmeessuun barbaachisaadha: 1. Pirezidaantiin OSA miseensa Boordiiti. Murtiin Boordiidhaan darbu kamuu filannoo caalmaadhaaan ragga’a. Pirezidaantiin filannoo irratti harka kaasuu hindanda’u; garuu falmii gageeffamu irratti yaada dhiyeessuu ni danda’a. Falmiidhaan Murtii Boordii influence gochuu ni danda’a jechuudha. 2. Pirezidaantiin namoota keynote speaker ta’an (keessummaa kabajaa) filuuf aangoo qaba. Akkasumas (venue) bakka korri waggaa fi giddugaleessa waggaa itti gaggeefamu murteessuu ni danda’a. Wayita murteessuu Boordii mariisisuu qaba. Kana jechuun, Boordiin murtii Pirezidaantii shaaruuf aangoo qaba jechuudha. 3. Namni tokko keynote speaker (keessummaa kabajaa) ta’ee yoo hinfilatamin garuu ammoo waraqaa qorannoo dhiyeessuuf murtii Boordii hinbarbaachisu. 4. Namni tokko Keessummaa kabajaa ta’ee filatamuuf ulaagaa cimaa darbuu qaba. Baratamni jiru (academic custom) akka garsiisutti, beekumsaa fi hubannoo mata duree kora waggaa san waliin kan walgitu irratti haasawa beekumsaa fi qorannoo irratti hundaa’e nama dhiyeessu ta’uu qaba. Nama kallattii agarsiisu ta’uu qaba. Mata-dureen OSA bara kanaa waa’ee mirga hiree ofii ofiin murteeffachuu ilaala ture. Keessummaan kabajaa affeeramu nama dhimma kana irratti ummata Oromootiif ergaa dabarsu ta’uu qaba. Kana yoo hinta’in akka keessummaa kabajaatti affeeramuu hinqabu jechuudha. Garuu ammoo akka nama kamuu dhiyaatee waraqaa qorannoo isaa dhiyeessuuf mirga ni qaba.
Waamicha hinbarbaachisu. Eenyuu illee dhorkuu ykn ugguruu hindanda’u. Fakkeenyaaf, Abiy Ahmed iyyuu yoo barbaade waraqaa qorannoo dhiyeessuudhaaf eyyama Boordii isa hinfeesisu. Garuu keessummaa kabajaa ta’uuf ulaagaa cimaa isa feesisa. Dimshaashumatti: waa lama adda haa baafannu. Keessummaa kabajaa (keynote speaker) fi waraqaa qorannoo dhiyeessuun waladda. Baqqalaa Garbaa waraqaa qorannoo dhiyeesse. Saniif murtii Boordii ykn affeeraa Boordii isa hinfeesisu. Ani maaliif keessummaa kabajaa ta’ee hindhiyaatne namni jedhu yoo jiraate sun dhimma biroo natti fakkaata. Kora OSA baranaa irraa namni waraqaa qorannoo akka hindhiyeessine Boordiidhaan dhorkatame ykn uggurame tokko illee hinjiru. Note: Professor Ephrem Isaac akkuma nama kamii odeeffannoo waa’ee kora bara 2022 dhagayee ofiisaatiin dhufee hirmaate. Waraqaa qorannoo illee hindhiyeessine. Guyyaa lammeenuu taa’ee dhaggeefataa bahe. Namni kamuu OSA irratti hirmaachuuf eyyama ykn affeerraa hibarbaadu. OSAn Kan ummataa waan ta’eef! Hubannoo ga’aa qabaachuuf dhugaa armaan olii hubatuun barbaachisaa natti fakkaata. Xumura irratti, haalli Oromoon yeroo ammaan kana keessa jiru rakkisaadha. Walqoodiinsi umamaa jiru hegeree Oromootiif daran nama yaaddeessa. Silaa saba haraca’e kana gara tokkotti luuccessuuf namoota nuti abdannee, itti amannee waggaa kurnan darbe waliin dhamahaa baanetu ammatti garuu yaadaan waljala dabarre. Nama gaddisiisa. Oromiyaa waan jedhamu kana waliin qabna. Maatii fi ilmaan Oromootu guyyaa gara guyyaatti ajjeefamaa jira. Kaan daldalatee kaan ammoo ajjeeffamuun abadan hintaatu!!!! Kanaaf, jiruu fi jireenya Oromoo fi Oromiyaa irratti namootni muraasi qofti murteessuun barri darbe.
Kanaaf, jiruu fi jireenya Oromoo fi Oromiyaa irratti namootni muraasi qofti murteessuun barri darbe. Kanaaf: waljibbiinsaan osoo hintaane; gandaan walqooduudhaan osoo hintaane, suutuma jechaa waa hubachuu nu feesisa! Na-ofkachaa! Henok Gabisa Hagayya 2, 2022
Sagantaa fii imaammata siyaasaa jaarmaya KFO Dhaabni siyaasaa kamiyyuu gaafa hundaa’u sagantaalee gurguddoo dhimmoota Siyaasaa, Dinagdee, Hawaasummaa, Caaseffama Raayyaa Ittisaa, Hariiroo alaafi ollaa, Imaammata adda addaafi kan kana fakkaatan qorannoo hayyootaafi qo’annoo saayinsii irratti hundaa’uun haala Addunyaan keessa jirtuufi qabatamaa Biyyi keessatti qabsaa’an keessa jirtu ilaalcha keessa galchuun Egeree biyyaafi Uummata qabsaa’aniif aarsaa kaffaluun of tahuun dirree siyaasaa seenu jechuudha. Wanti KFOn godhes kanuma. Dirreen siyaasichaa bal’atus dhiphatus KFOn aarsaa kamiifuu of kennee qabsoo karaa nagaa tarsiimoo godhatee halkanii guyyaa hojii qabatamaatti jira. Mee har’a kanuma bu’uura godhachuun Sagantaa siyaasaa Jaarmiyaa KFO akka armaan gadiitti kutaa kana keessatti isiniif dhiyeessa. Hubannoof dubbisaa, naamusa qeeqa ijaarsaafi yaada kamiyyuu kennuu eegdanii waan isinitti gaaffii uume kaasuu dandeessu. Adeemsa keessa wanti hin fooyyofne hinjiru dhaabni keenya yaadota keessan akka galteetti fudhachuu mala. A. KFOn sirni mootummaa federaalizimii dhugaa eenyummaarratti hundaa’e Itiyoophiyaatti akka mirkana’u ni qabsaa’a. B. KFOn mirgi hiree ofii ofiin murteeffannaa uummata Oromoo akka kabajamu ni godha. C. KFOn sirni paartii hedduu (multi-party system) fi dimookiraasii dhugaa biyya kanatti akka dhugoomu ni qabsaa’a. D. Sabaaf sablammoota lakkoofsi isaanii muraasa ta’ee naannolee biroo keessa jiraatan mirgi namoomaa fi dimookiraasii isaanii akka kabajamuu ni taasifama. E. Hooggansa KFOtiin mirgi namoomaa, uummamaa fi dimookiraasii ni eegamu (kabajamu). F. Lammiileen hunduu seera fulduratti wal qixa.
Kun akkuma jirutti ta’ee dhimmi lammiilee biyya alaa ilaallatu seerota ba’aniin kan gaggeeffamu ta’a. G. Lammiileen, saalaan, umuriidhaan, ogummaasaa fi ilaalcha siyaasa isaaniitiin dhiibbaan kamuu osoo irratti hin godhamiin mirgi bilisummaadhaan ijaaramuu isaanii ni kabajama. H. Qaamoleen haqaa dhiibbaa qaama mootummaa hojii raawwachiiftuurraa bilisa ta’anii akka hojjatan fi qaamoleen mootummaa hunduu aangoo fi itti gaafatamummaan isaanii murteessuuf qaamolee mootummaa sadan gidduutti sirna inni tokko isa biraa to’achuu danda’u (check and balance) caaseffamni mootummaa akka jiraatu ni godhama. I. Dhaabbilee ijaarsa sirna dimookiraasiif barbaachisan jechuun boordii filannoo, komishii mirga namoomaa, dhaabbata abba gaarii uummataa, dhaabbilee sabaa himaalee (media) fi waldaaleen sivilii bilisummaan akka hojjatan taasifama; eegumsi seeraas ni godhamaaf. J. Hojiin mootummaa loogummaa siyaasaa kamirraayyuu bilisa akka ta’u godhama. Walitti hidhamsi hojii paartii siyaasaa fi mootummaa kan dhorkamedha. K. Boordiin filannoo, abbaan alangaa, dhaabbanni abbaa gaar uummataa, Komishiniin farra malaamaltummaa, dhaabbanni tikaa nageenyaa biyyaalessaa, dhaabbileen haqaa dhiibbaa siyaasa paartiileerraa bilisa ta’anii hojjatu. L. Afaan Oromoo Afaan Amaaraan walqixa Afaan hojii mootummaa Federaalaa akka ta’u godhama. Jaarmiyaan siyaasaa kamiyyuu gaafa hundaa’u sagantaalee gurguddoo dhimmoota Siyaasaa, Diinaggeey, Hawaasummaa, Caaseffama Raayyaa Ittisaa, Hariiroo alaafi ollaa, Imaammata adda addaafi kan kana fakkaatan qorannoo hayyootaafi qo’annoo saayinsii irratti hundaa’uun haala Addunyaan keessa jirtuufi qabatamaa Biyyi keessatti qabsaa’an keessa jirtu ilaalcha keessa galchuun Egeree biyyaafi Uummata qabsaa’aniif aarsaa kaffaluun of tahuun dirree siyaasaa seenu jechuudha.
Wanti KFOn godhes kanuma. Dirreen siyaasichaa bal’atus dhiphatus KFOn aarsaa kamiifuu of kennee qabsoo karaa nagaa tarsiimoo godhatee halkanii guyyaa hojii qabatamaatti jira. A. KFO sirna gabaa bilisaa dorgommii irratti hundaa’e ni mirkaneessa. B. Lafti qabeenyaa uummataa ta’a. Sirni bulchiinsa isaa seeraan murtaa’a. C. KFO tooftaa qonna ammayyaa babal’ isuudhaan biyyi keenya dinagee industiriin durfamuutti akka ceetu deeggarsa barbaachisu hunda ni taasisa. D. Mootummaa Federaalaas ta’ee mootummaan naannoo Oromiyaa haala jireenya uummata keenyaa fooyyessuuf uummanni keenya oomisha qonnaan akka of danda’u taasisuus deeggarsa hin qusatamne ni goona. Mootummaan qonnaan bultootaaf deeggarsa barbaachisu ni taasisa. E. Lammiileen dandeettii fi ogummaa isaaniitiin gosa hojii barbaadanirratti akka hirmaatan mirgi isaanii nikabajamaa. F. Investimentii biyya keessaas ta’ee biyya alaa ni jajjabeeffamu. Ta’us abbootii qabeenyaa biyya keessaf dursi ni kennama. G. Maqaa Inveestimeentiin lammileen jireenya isaaniirraa hin buqqifamani. Mootummaan lafa ynk iddoo sana faayidaa uummataaf yoo barbaade beenyaa ga’aa kenneefii lafa biraan osoo bakka hin buusiiniif lammileen hin kaafaman (hin buqqifaman). H. Dhaabbileen gargaarsaa mootummaas ta’ee miti mootummaa sadarkaa addunyaas ta’ee biyya keessa biqilaan deeggarsi isaan taasisaan ni jajjabeeffama. KFOn hojii misoomaa akka hojjataniif haala mijataa ni uumaaf. I. KFOn kufaatii gatiis ta’ee qaala’insa ittisuuf tarsiimoo misooma dinagdee sirrii fi madaala eegu danda’u ni karoorsa. J. KFOn naannoo horsiisee bultootaafxiyyeeffannoo ni kenna. Horsiisa beelladootaaf haala mijataa uumuu fi oomishi isaanii akka guddatu gochuun fayyadamtoota akka ta’an ni taasisa.
A. KFOn aadaa fi Seenaan uummata Oromoo bal’inaan akka qoratamanii fi dagaagan ni taasisa. B. Uummanni keenya doofummaarraa walaboomee humna hoomishaa ta’uuf manneen barnoota akka babal’atan ni godha. Qulqullina barnootaafisxiyyeeffannaan addaa ni kennama. Bilisummaan sirna barnootaa ni eeggama. C. Hojii dhabdummaan akka hir’famu fi dhabamu KFOn cimee ni hojjata. Waajiraalee mootummaa keessatti lammileen dandeettii fi dorgommii qofaan hojiirratti akka bobba’an ni taasifama. D. Giddu galeessi dhaabbilee fayyaa, hospitaaloonni, kilinikoonni, fi buufataaleen fayyaa itti dhiyeenyaan uummata akka tajaajilan mirkaneessun guutummaa biyyaattiti akka babal’atanii fi tajaajila qulqullina qabu akkakennaan ni taasifama. HIV/AIDS fi dhukkuboota daddarban irratti hojiin addaa akka hojjatamuuf xiyyeeffannan ni kennama. Qorichoonni sammuu adoochaan fi fayyaa uummataaf balaa ta’an akka hin babal’anne KFOn to’annoo barbaachisan akka taasifamu ni godha. E. KFOn balaa uumamaas ta’ee namtolcheenakka hin uumamne of eeggannoon dursaa akka godhamu ni taasisa.yoo mudates deeggarsa barbaachisa ni godha. F. Mirgii fayyadamummaa maanguddootaa fi qaama miidhamtootaa ni eeggama. G. Lammiilee qaamaanis ta’ee sammuudhaan ga’umsa qaban uumuun akka danda’amuuf iddoowwan bashannanaa fi iddoowwan oolmaa ispoortii guutummaa biyyatti keessatti akka babal’atu ni taasifama. Ispoortessitootaafis deeggarsi barbaachisu ni taasifamaaf. H. Eegumsa qabeenya uumamaa fi kunnuunsa xiyyeeffannaa addaa kennuun hojiin naannoo misoomsuu fi eeguu bal’inaan adeemsifama. I. Industirii turizimii guddisuun galiin isarraa argamu akka dabalamu gochuuf tattaaffiin barbaachisu ni godhama. J. Baay’inni uummataa guddina dinagdeebiyyaa wajjiin walmadaalee akka guddatu qusannaan maatii karoora irraattihundaa’e akka jiraatu KFOn jabaateet hojjata.
K. Bilisummaan amantaa ni kabajama; amantiwwaan dhiibbaa mootummaarraa bilisa ta’u. Amantaan hojii mootummaakeessa hin seenu. Mootummaan hojii amantaa keessa hin seenu. L. KFOn walqixxummaan dubartootaa akka dhugoomu jabaatee hojjata; dubartoonni mirga walqixxummaa fayyadamanii ijaaramuu akka danda’an. Kanaanis siyaasaan dinagdeeni fi hawaasummaan dhiiraan walqixa hirmaannaa fi fayyadamuummaan isaanii akka jiraatu deeggarsii barbaachisaa ta’e akka taasifamuun ni godhama. M. Dargaggoon waldaadhaan ijaaramanii biyyaaf ga’ee isaanii akka gumaachaan ni taasifama. Karaa waldaa isaaniitiin ga’eegara fulduraatti dhaaltummaa biyyaa isaanii taphachuu akka danda’aniif deeggarsi barbaachisu ni godhamaaf. A. Biyyattiin raayyaa ittisa biyyaa humna biyyattin madalawaa ta’e mana maree bakka bu’ootaan murtaa’u ni qabaata. Haalli itti filatamaniis madaala hirmaannaa sabaa fi sablammootaa bifa bu’uureffateen ta’ee sadarkaa barumsaa fi ga’msa dandeetti qofa giddu galeessa kan godhateen ta’a. B. Hojiin raayyaa ittisa biyyaa inni guddaan daangaa biyyaa kabajchiisuu yoo ta’u yeroo barbaachisaa ta’e hojii misoomaarratti kan hirmaatu ta’a. C. Raayyaan ittisa biyyaa mootummaan’ naannoo yoo gaafate malee dhimma naannoo keessa hin seenu. D. Poolisiis ta’ee raayyaan ittisa biyyaa ilaalcha siyaasaa kamirraayyuu bilisa ta’a. E. Sadarkaa mootummaa federaalaatti humni poolisii ni ijaarama. F. Naannoleen humna poolisii mataa mataa isaanii ni ijaarratu. G. Adeemsi Poolisiin mootummaa federalaa poolisii naannolee wajjiin qindoomiinhojjatan ni diriirfama; raawwiin isaa seeraan murtaa’a. A. Biyyi keenya biyyoota olla wajjiin akkasumaas biyyoota idile addunyaa wajjiin qunnamtii gaarii akka qabaatu ni taasifama.
A. Biyyi keenya biyyoota olla wajjiin akkasumaas biyyoota idile addunyaa wajjiin qunnamtii gaarii akka qabaatu ni taasifama. KFOn qunnamtiiwwan humnoota alaa kamiyyuu wajjiin godhu qabsoo uummanni Oromoo wal qixxummaa isaaf taasisuu fi faayidaa biyyaalessa giddu galeessa kan godhate ta’a. B. Seeroonni Idile addunyaa Itiyoophiyaan fudhattee fi mirkaneessite qaama seera biyya keenyati. A. Faayidaa uummata Oromoo kabajchiisuuf dhaabbilee siyaasaa karaa nagaa fi seeraa qabsaa’anii fi waldaalee hawaasaa (siviilii) wajjiin qabsoo uummata keenyaa waltaanee galmaan ga’uuf wal deeggarsa barbaachisu ni taasisa. B. Saboota cunqursaan walfakkaataa irra ga’e wajjiin walitti dhufeenyi cimaan akka jiraatu ni godhama. C. Warreen mirga abba biyyumma Oromoo fudhatanii walqixxummaa dimookiraasii sabaa fi sablammootaa amananii fi ijaarsa sirna federaalawaa dhugaa fi hojiirra oolmaa isaatiif dhugaadhaan qabsa’an humnoota dimookiraasii biyyatti wajjiin walitti dhufeenyaan wal gargaaruu fi qindoomin uumuun waliin hojjachuun akka danda’amu ni taasifama. Maddi; Sagantaa siyaasaa KFO
Xiinxala siyaasaa haala yeroo ammaa biyya teenya keessatti tahaa jiru laalchisee Shabboo Miidiyaa: Xiinxala siyaasaa haala yeroo ammaa biyya teenya keessatti tahaa jiru laalchisee, bifa ammayyaatiin dhugaarratti hundaawee dhimma dantaa saba keenyaa haala nama hawwatuun kan isiniif qopheesse xiinxalaa siyaasaa obboo Gaammee galgalootiin…guutuu sagantichaa..
Guutummaa qophii kanaa MP3 tuquun dhaggeeffadhaa
Haala yeroo fi dubbii lola Toophiyaa keessatti adeemaa jiru muraasa Lalisa Hussein Warri Mootummaa walii galtee Aafrikaa Kibbaa cinatti “Maqalee qabannee injifannoo labsina” jedhanii qophiirra jiru. Garuummoo dubbiin akkasii miti. Lolli dhumachuu fi olaantummaa waraanaa qabachuun gara gara. Yeroo kanatti Maqalee qabattus, qabatuu baattus lolicha injifannoon hin xumurtu. Yeroof garuu olaantummaa waraanichaa ni dhuunfatta. Miidiyaalen biyyattii torbaanota ykn ji’ootaf oduu injifannoo qofa akka gabaasu ni goota, Jeneraalonni baay’een olaantummaa waraanaa ni labsu, kaadiree fi kaabineen hamilee addaatin ganda keessa deemtee sangoota qotee bulaa ni funaanti. Dubbiin lola kaabaa ammas deebitee maraammartoodhuma taati! Wayyaaneenis Gama isheetin Waliigalteen South-Afrikatti balbala cufatanii godhaa jiran milkaa’uu dhabnaan lola ijibbaataa fi tooftaa waraanaa 3 baafattee qophiirra jirti! 1. Lola kallattii – Humna qabdu hundaan dahannaa/mishigiilee isaan danqee jiru cabsitee ba’uun naannolee biroo keessa babaldhachuu! 2. Lola ummataa – Lola kallattiin ofirraa ittisaa, lola Ummataaf ammoo karaa banuudha. Humna diinaa facasuu fi ummanni hidhate marsee akka rukutu haala mijeessuu dha. Fincila Ummataa qawween deeggarame jechuu dha. 3. Lola Riphee Lolaati. Lola kana dhumarra malee ammaa hin eegaltu. Toftaa 1ffaa fi 2ffaan yoo hin milkoofne garasitti cehuun waan hin oolleedha! Kanaaf, Tigraay yeroo ammaa toftaa 2ffaa kanatti cichuuf karoora baafattee xumurteerti. Tooftaan lolaa kunimmoo magaalaan Maqalees yoo harka Bilxiginnaatti kan kuftu ta’es maandheewwan gurguddaa fi lafa tarsiimoo qabatee lola kan itti fufuu danda’u ta’ee qophaa’e!
Tooftaan lolaa kunimmoo magaalaan Maqalees yoo harka Bilxiginnaatti kan kuftu ta’es maandheewwan gurguddaa fi lafa tarsiimoo qabatee lola kan itti fufuu danda’u ta’ee qophaa’e! Walumaa galatti: Waraanni kaabaa fi Oromiyaa keessatti adeemaa jiru saffisaan dhaabbatee gama waliigaltetti luucca’uu qaba. Ta’uu baannaan Siyaasni biyya kanaa xaxaa amma jiru keessaa ba’ee gara fuulduratti tarkaanfachuun dura yoo xiqqaate balaan gurguddaan( #shocks) marsaa lama ykn sadii uumamuu mala. Nutimmoo akka Oromootti Warra waan hundumaa salphisee nutti himu dhaggeeffannee of dagatuu hin qabnu. Balaa guddaa (shocks) as deemaa jiru kana keessatti gatii baafamu gad-xiqqeessuuf qophaa’uu qabna. Akkasuma akka Sabaatti injifannee ba’uuf siyaasa adeemaa jiru qalbiin hordofuu, hidhannoo gama hundaa jabeeffachuu fi Gadi teenyee malaaf mariin ‘Road Map’ waloo saba keenya dhumaa jiru kanaaf baasuu qabna! Kanuma! Lolli deeggarsa hin qabu! Nageenyi filannoo hin qabu!
Guyyaa Dubartootaa tiif Bitooteessa 08, 2018 Guyyaa Dubartootaa tiif Abbaa Urjii tiin Hawaasa hunda keessatti dubartoonni baayyina cinaa oli tiin herregamu. Kanuma akksii, garuu, haala jiruu fii jireenya biyyaa fii lammii irratti, hawaasni isaan aangoo guddoo murteessaa taate keessatti qaban bicuu dha. Hawaasa taligaan isaanii akkaan keessatti cimtuu taate keessati, guddinaa fii badhaadhina malees gootummaa hidda hidhatte tu arkama. Qooda dubartootaa kan armaa olii kana baroota kumaatama dura hubachuun, gulaantaa isaaniin malu kan muude Sirna Gadaa ti. Dubartoonni Oromoo tajaajila maatii bira dabree kan hawaasaa keessatti, qoonni baroota kuma afur dura qabaachaa turan, arrallee, biyyoota qaroomaan if dura fagaatan ja’aman keessatti arkamaa hin jiru. Garuu, Sirni Gadaa Minilikiin ugguramuun dhiiraa fii dhalaa lammii Oromiyaa dukkana guyyaa keessa naqe. Dukkana tana jalaa bahuuf tattaafata godhamaa jirurraa qooda fudhachuun dubartoonni jeeynummaa dinqifamtuu agarsiisuun wareegama lubbuu kennan hedduu. Haala kanaaf warra qabsoo ganamaa tiif sumuda tahan keessaa, Qananii (Qamariyaa) yuusuf, Saartuu (Maymuuna) Abdallaa, Leensaa (Zubeeyda) Abdullee fii Warraayxuu/Juukii (Masarat) Ammahaa maqaa dhawuun ni dandayama. Gama biraa tiin, amna qabsoo bilisummaa dheertuu dabarte keessatti dubartoonni akka silaa barbaachisutti qooda fudhachuu dhabuun, haallan guyyaa bilisummaa hamma yoonaa dhibeeysan irraa tokko. Kuni cimina sossoohinsa qabsoo bilisummaa tan baroota sadeen dabran irraa waan hanga’aa ti. Baroonni kuni, baroota qabsoo ummata Oromiyaa dooyaa adunyaatti ol baasani. Baroota kaa’imman Oromoo diina hila malee itti dhukaasu dura harka qullaa onnee qofaan dura dhaabbachuun gootummaan Oromoo tan seenaa keessatti gita dhabaan beekkamte hujiin itti mul’sani.
Baroota kaa’imman Oromoo diina hila malee itti dhukaasu dura harka qullaa onnee qofaan dura dhaabbachuun gootummaan Oromoo tan seenaa keessatti gita dhabaan beekkamte hujiin itti mul’sani. Kuni tahuu isaa tiif sababni guddaan qoonni dubartootaa haalaan guddatee arkamuu dha. Baroota kana, baadiyyaa fii magaalota jidduu, manneen barnootaa tii fii iddoo biraattiis, hiriiraa fii fincillan godhaman hunda keessatti, dubartoonni, baayyina bira taree, warra fuula duratti arkamu tahanii jiru. Akki isaanii kuni jeeyna jajjabeeysuun alatti luuynatti onnee godhee, sagantaa Wayyaaneen yaroo dheertuuf lammii gabroomsuuf karoorfatte abjuu itti fakkeeysaa jira. Warra xiqqaa fii guddaa alaa itti jeeynoomsaa jiran biratti, ammaas, bobaa isii jalaa, Mana Marii tii fii Caffee isii keessaa, dubartoonni, fuula diinaa duratti, sab-boonummaa, murannoo fii anaannata qixa hin qabneen ija itti hangaasuu jalqabanii jiru. Akki kuni, guyyaa bilisummaa dhiheeysuu biratti, jiruu dadaa, wal qixxummaa fii sadoo hegeree Oromiyaa if dura nama mil’achiisa. Oromiyaan ni bilisoomti!
Shira Leenco Lataa 1) 1980 Hoggantoota ABO magarsaa barii faa nama 9-11 ajjeesisuun Ogaden tu ajjeese jedhee seenaa barreesse 2) Jeneraal Taaddasa Birru harka diinaa seenuu isaatiif kallattiin shoora ol’aanaa taphate 3) Shira Leencoon dhandhaareen Baaroo Tumsaa ajjeefame otoo jiru, jaarraa abbaa Gadaatu ajjeese jechuun ABO bakka lamatti cabsuun Sooreysa jaarraa abbaa Gadaa tti amata hedduu lola geggeessaa ture 4) Bara chaartaraa WBO 20,000 mooraatti galchee TPLF fi Shaabiyaan dhooysise 5) Chaartara booda Hoggana qaroo Sabaa fi ABO jaalle Nadhii Gammadaa diinaan nyaachisee, ibsaa Guutamaa hidhaa baasee Booleen baafate 6) Bara 1998 Kora sabaa ABO sababeessuun Jaalle Galaasa Dilboo aangoo irraa kaasisuun Daawid ibsaa ykn fireew maasho fi Obboleessa isaa abbaa caalaa muude. Sana booda WBO biyya ollaa jiru shira Tplf fi Leencoon xaxaniin ABO Biyya Eertiraatti maqaa gargaarsaatin galchisiise. Hoggantoota qaqqaroo salphisuun akka faca’an shoora ol’aanaa harka lafa jalaan taphate 7) 2008 jaarmaya ABO jijjiiramaa Jeneraal Kamaal Galchuu irratti hojjatuun WBO Zoonii kibbaa ture akka TPLF tti galan kallattiin kan irratti hojjate Leencoo Lataati 8) 2014 haarayatti ODF jaare. Ani takkaa Oromiyaatti hin amanne jedhe. Oromoon gaafii dimokraasi malee Kolonii Habashaa jalatti hinkufne jechuun dogogora seenaan hin daganne tumatee gadi bahe 9) 2015 Walhubannoo jaarmayoota Oromoo wajji seenuun maqaa olola walirratti hin oofnu jedhuun jaarmayoota sakaalee afaan qabsiise 10) 2016 Walitti dhufeenya jaarmayoota oromoo doomsuun jaarmaya amaaraa G7 tti gale.
Oromoon gaafii dimokraasi malee Kolonii Habashaa jalatti hinkufne jechuun dogogora seenaan hin daganne tumatee gadi bahe 9) 2015 Walhubannoo jaarmayoota Oromoo wajji seenuun maqaa olola walirratti hin oofnu jedhuun jaarmayoota sakaalee afaan qabsiise 10) 2016 Walitti dhufeenya jaarmayoota oromoo doomsuun jaarmaya amaaraa G7 tti gale. Itti aanaan LL, Dr diimaa Nagoo, Jaarmayoota Walabummaa Oromiyaatti amaniin” Xabbaaboch nachew” jedhee ESAT MEDIA irratti ifaan ifatti dubbate 11) Bara 2017 Biyya Suudaan maqaa walgahii EGAD sababuun, khaartuum dhaqee Hoggantoota TPLF Abboy Sibhaat fi Siyyuum Masfin wajji iccitiin wal qunnamee deebi’e 12) 2018 Qabsoo qeerro awwaaluuf, Kaayoo Oromoo afaan faajjesu, Oromiyaa walabummaa dhoorkuu fi Ethiopia durii deebisee ijaaruuf murtees
Qabsoon Bilisummaa Oromoo eessaa ka’ee garamitti deemaa jira? – Qormaatota kaleessaa, kan har’aa fi kan boruu – Berhanu Hundee Kutaa Kudhasaglaffaa Barreeffama kutaa dabree keessatti mootummaa wajjin mariitti dhiyaachuu dura jaarmayootni Oromoo waliin haasa’uu fi gaafii Oromoorratti ejjannoo tokko qabaachuu akka qaban; akksaumas mariin Adda Bilisummaa Oromoo (ABO) fi jaarmayoota bilisummaa Oromiyaa hundaa hin dabalanne bu’aa fiduu akka hin dandeenye ibsuu yaaleen ture. Barreeffama kutaa kanaa keessattis dhimmuma kana keessaa osoo hin bahin waan tokko tokko kaasuun barbaada. Hanga gaafiin biyyoolessaa Oromoo deebii argatutti, Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO) hiikkachiisuun QBO awwaaluu ta’a Namni tokko waan tokkoof lubbuu takkittii dabarsee kan kennu dirqamee ti malee lubbuun namaa yoo takka baate waan hin deebineef kuni qoosaa miti. Waraanni Bilisummaa Oromoo (WBOn) abbuuma fedheenuu haa hogganamu; jaarmayaa kamiinuu ajajni haa kennamuuf, wanti inni qawwee baatee gaara fi bosona Oromiyaa keessatti wareegamuuf waan tokko qofaafi. Innis bilisummaa Oromoo argamasiisuufi. Bilisummaan Oromoo immoo warra bilisummaa kana jaalatanii fi hawwanis ta’ee warra isa kana hin feeneefillee waliqixa dha. Yoo sabni Oromoo bilisummaa argate kan gabrummaa keessatti hafu hin jiru. Kanaafuu, jaalatamus jibbamus, fudhatamus dhiisamus, WBOn ilmaan Oromoo fi warra bilisummaa fi haqa barbaadan hundaaf wareegamaa jira. Waayeen WBO yoo ka’u, tarii namootni garee tokko wajjin walbira qabanii laaluu malu. Kuni garuu dogongora. Wanti laalamuu qabu garee kamiinuu wajjin walqunnamtii haa qabaatu, WBOn gaachana saba Oromoo ti. Hadhooftus dhugaan kun fudhatamuu qaba. Waayee WBO waanan kaaseef sababa adda addaan qaba. Fakkeenyaaf, akka haasa’a Obboo Lammaa Magrsaarraa hubatamaa jirutti, mormitoota (akka isaan jedhanitti morkitoota) wajjin haasa’uu dura warri hidhatan akka hiikkatan akka haal dureetti waan lafa kaa’an ykn lafa kaa’uu barbaadan fakkaata.
Ani akka yaada fi laalcha kiyyaatitti, waayeen hiikkachiisuu qabsaa’otaa kun lammata haal duree ta’uu hin qabu. Dogongorri bara 1992 hojjetame sun barumsa guddaa ta’uu qaba. Hidhattoota hiikkachiisuun yoo gaafii Oromoo deebisuuf gutumaa guututti irratti waliigalamee fi kunis hojiitti jijjiiramee, uummatni Oromoo bal’aan ittigammade qofaa ta’uu qaba. WBO dhabamsiisuus ta’ee uummata Oromoo hiikkachiisuu yaaluun badii daangaa hin qabnetti nama geessuu danda’a Dhugaan hubatamuu qabu, uummatni Oromoo kan hidhatu warra duula irratti banan ofirraa ittisuuf malee, daangaa dabree uummata biraarratti weerara banuufii miti. Kuni osoo beekamuu; uummatni keenya qayee isaarratti shiftootaan ajjeefamaa osoo jiruu; silaa warra dura hiikkachuu qaban hiikkachiisuu dhiisanii uummata nagaatiin ati qawwee kee hiikkadhuutii du’i jechuun hangam uummata Oromootiif dhimma dhabuu agarsiisa. Alagaan silaa alagaa dhaa; diinnis silaa diinaa, warrumti uummata kanarraa dhalatanuu gochaa kana dalaguun isaanii hangam garaa akka jabaatan agarsiisa. Uummata irraa dhalatan caalaa kan isaan yaaddessu tokkummaa biyyattii tanaa ti. Isaaf halkanii guyyaa dhama’u; yoo uummatni keenya akka baalaa harca’u garuu wanti tokko isaanitti hin dhaga’amu. Kuni ajaa’iba!! WBOs taanan,akkuman dursee ibsuu yaale, jaalatee ykn araada (suusii) nama ajjeesuu qabaatee osoo hin taane, gabrummaa fi roorroo uummata Oromoorra gahaa ture fi ammas jiru taa’ee laaluu dadhabee ti. Ba’aan sabaa kun ittiulfaannaan maatii, jiruu fi jireenya isaa dhiisee bosonatti galuu filate. Hanga gaafiin Oromoo deebii argatutti manni isaatis bosona fi gaara Oromiyaa ta’a jechuu dha. WBOn akkuma maqaan isaa ibsu bilisummaa Oromootiif malee saboota fi sab-lammoota biyyattii sanaarraa rakkoo qabaatee; isaan kanas miidhuuf akka hin taane hubatamuu qaba.
WBOn gaachana uummata Oromoo ta’ee, hiree murteffannaan uummata kanaas akka mirkanaa’uuf lubbuu isaa kennaa jira malee, akka ololli irratti godhamaa jirutti biyyattii tana diiguufii miti. Maqaa qabsoo hidhannootiin jaarmayoota Oromoo jidduutti walqoqqoodinsa uumuun shira hin milkoofnee dha Akkan hubadhutti, adeemsi DhDUO ykn bulchinsi MNO fi Mootummaa Itoophiyaa warra qabsoo hidhannoo ala karaa nagaatiin hojjenna jedhanii fi warra qabsoo hidhannoo gaggeessan jidduutti gaara guddaa uumuu barbaada. Kana qofaan hin dhiisan; warra karaa nagaatiin qabsoofna jedhan ofitti qabanii; kan hafan kophaatti baasanii shiraan yookanis immoo humnaan (waraanaan) rukutanii dhabamsiisuuf waan deeman natti fakkaata. Akkuman dursee tuquu yaale, haasa’a Obboo Lammaarraa wanti hubatamu kan biraa tokko, warra karaa isaan barbaadan sana deemuu hin feene fi siyaasaa isaanii sana hin hordofne akka yaada dulloomaa fi yeroon irraa dabree tokkotti waan laalan fakkaata. Kanaafuu, isin achuma jirtanii; bu’aan isin fiddanis hinjiru; nutu isin bilisoomse jedhanii dhaadatu. Obboo Lammaa Magarsaas ta’e MM Dr Abiyyi wanti isaan dagatan tokko, isaanuu kan sadarkaa kanaan isaan gahe, qabsoo hadhooftuu Sabboontotni Oromoo meeqa itti wareegamani dha. Wanti hin danda’amne lafa kanarra hin jiru waan ta’eef, qabsoo hadhooftuun tun immoo ittifuftee saba Oromoos gutumaa guutuutti bilisa baasuu akka dandeesu hubachuu qabu. Yoo dhuguma uummata kanaaf kan yaadan ta’e; yoo dhuguma uummata irraadhalatan kanaaf kan quuqaman ta’e; yoo dhugumatti gaafii Oromootiif deebiin akka argamu kan barbaadan ta’e; yoo dhugumatti nagaa fi tasgabbii biyyattii tanaafillee kan yaadan ta’e; yoo tokkummaa biyyattii tanaas jiraachisuu barbaadan, dura gaafii Oromoo deebisuuf isa kana ajandaa hangafa godhanii, jaarmayoota Oromoo hunda wajjinuu haal duree tokko malee walqixxummaadhaan marii godhuu qabu.
Yoo kuni hin taane garuu jeequmsisi ittuma fufa; kan bu’aa argatus hin jiru. Wayyaanee qofaatu bayyanatee aangootti deebi’uuf carraa argata. Dhimma biraatiin hanga walitti deebinutti nagaan turaa! Ulfaadhaa! – Qormaatota kaleessaa, kan har’aa fi kan boruu – Berhanu Hundee Kutaa Diigdamiitokkoffaa Barreeffama kutaa dabre keessatti mooraa Adda Bilisummaa Oromoo (ABO) keessatti maaliif addaanbahinsi uumamaa akka as gahee fi sababa kanaan gareeleen akka heddooman kaaseen ture. Akkasumas jaarmayoota ykn gareelee ABOrraa kophaatti bahani fi jaarmayoota bilisummaa Oromiyaa kan biroos kanan beeku tarreesseen ture. Barreeffama kana keessatti qabxiilee lamaan hafanirratti waan tokko tokko kaasee yaadakoo ibsuun barbaada. Qabxiileen lamaan hafanis: (2) Jaarmayootni Oromoo warri kaayyoo fi galii tokko ykn walfakkaataa qaban maaliif tokkoomuu akka dadhaban (3) Mooraan QBO maal ta’uuf akka deemu fi dhiibbaan uummata Oromoo fi addatti kan Qeerroo jaarmayoota keenyarratti maal ta’uu akka qabu 2) Jaarmayootni Oromoo warri kaayyoo fi galii tokko ykn walfakkaataa qaban maaliif tokkoomuu dadhaban? Jaarmayootni ykn gareeleen Oromoo kan duraan ABO tokko turani fi amma kophaatti bahanii jiran yeroo ammaa shantu jiru. Isaan kunis barreeffama kutaa dabree keessatti tarreeffamanii jiru. Akka naaf galutti, Adda Diimokraatawa Oromoo (ADO)rraa kan hafan afranuu kaayyoos ta’ee galii tokko akka qabanii dha. Innis “bilisummaa uummata Oromoo fi walabummaa Oromiyaa” ti jedhu. Erga kaayyoon isaanii tokko ta’etti immoo walittideebi’anii tokko ta’uu ykn walittibaqanii hoggansa tokko jalatti jaarmayaa tokko ta’uun yoo hin danda’amne tokkummaa kaayyoo (unity of purpose) uumanii waliin hojjechuun silaa dirqamallee ture. Kana godhuun hafee, waanuma waliin haasa’anuu hin fakkaatan.
Kan caalatti nama gaddisiisu garuu yeroo tokko tokko walqeequu fi walirratti duuluu isaanii ti. Qabsaa’otni ganama kaayyoo tokkoof manaa bahan, hanguma fedhe rakkoon dhuunfaa isaan jidduu jiraatullee, hanga uummata Oromootiif dhaabbatanitti; hanga gabrummaa xumuruu barbaadanitti, akka waliin hin hojjenne kan isaan taasisu naafi hin galu. Kopha kophaa deemaa, beekumsa, dandeettii fi qabeenya walumaagalatti humna isaanii gargar facaasuun injifatamuutti akka isaan geessu isaan caalaa kan beeku jira jedhee hin yaadu. Nutu dursee aangoo qabata jedhanii kan yaadanillee yoo ta’e, aangoon isaan irratti wal lolan sun ammaaf hin jiruu bar. Akka jaarmayoota siyaasaatti waldorgomuuf kan filannootti dhiyaatan osoo ta’ee, kophaa kophaa deemuun waanuma jiru. Isaan garuu akka jaarmayoota bilisa baastotaatti laalamu ykn oflaalu. Jaarmayaa bilisa baasaan tokko immoo kaayyoo tokko qofaa qaba. Akkuman kanaa dura barreeffama kutaalee dabranii keessatti ibsuu yaale, Mootummaan Itoophiyaa jaarmayoota mormitootaa (morkitootaa) wajjin haasa’uu akka barbaadu ibsaa ture. Yaadni Mootummaa kun immoo dhugumatti nagaa fi araara barbaadee yookaanis shiraaf ta’uu isaa ragaan hin jiru. Amala mootummaa kanaarraa hubatamuu wanti danda’u garuu shirri duuba jiraachuu akka danda’uu dha. Karoorri Mootumichaa waanuma fedhes ta’u, shira dura dhaabbachuufis ta’ee; marii dhugaa ta’e tokkotti dhiyaachuu dura tokkummaan jaarmayoota Oromoo barbaachisaa qofaa osoo hin tane murteessaa dhas. Ejjannoo fi ajandaa waloo tokko qabatanii; gamtaadhaan mariitti yoo hin dhiyaanne fi kophaa kophaa deemanii haasa’uu kan barbaadan yoo ta’e kun gaaga’ama hundaa ta’a. Waan kana irradeddeebi’ee ibsaan ture. Akkuma beekamu fi hubatamu, yeroo ammaa jaarmayootni Oromoo akka kaayyoo qabsoo isaaniitittti garee gurguddoo lamatti bahanii jiru.
1) Warra bilisummaa uummata Oromoo fi walabummaa Oromiyaa akka galiitti fudhatanii qabsaa’aa jiran fi 2) Warra Itoophiyaa diimookraatoftu keessatti gaafiin uummata Oromoo deebii argachuu ni danda’a jedhanii amananii fi kanaafis hojjechaa jiran Adeemsi tokkummaa kaayyoo (unity of purpose) uumuus ta’ee; ejjannoo fi ajandaa waloo tokko qabatanii mootummaa wajjin mariitti dhiyaachuun garee lamaaniifuu tokko ta’uu qaba. Kanaafuu, warri garee lammaffaa keessa galuu danda’anis kan akka Kongresi Federalistii Oromoo (KFO), Adda Dimokraatawa Oromoo (ADO) fi jaarmayootni Oromoo walaba ta’an kan biroo, kan kaayyoo walfakkaataa qaban waliin mari’achuudhaan yoo barbaachisaa ta’e Koree Marii Waloo tokko uumanii karaa kanaan ejjannoo fi ajandaa waloo tokko qabatanii motummaa wajjin haasa’uun dirqama ta’uu qaba jedheen yaada. Tooftaa fi tarsiimoon kun warra garee tokkoffaa keessa jiraniifis walfakkaataa ta’uu qaba. Isaanis Koree Jaarmayoota (Humnoota) Bilisummaa Oromiyaa (Committee of Oromia Liberation Forces) jedhu ijaaranii karaa kanaan ajandaa waloo tokko qabatanii mariitti dhiyaachuu qabu. (3) Mooraan QBO maal ta’uuf deema? Dhiibbaan uummata Oromoo fi Qeerroo, jaarmayoota keenyarratti maal ta’uu qaba? Gabrummaa bar-dhibbee tokkoo fi wal’akkaa nurratti fe’amee jiru kana keessaa bahuufis ta’ee egeree keenya tolfachuuf gaafiileen akka mata dureetti dhiyaatan kun baay’ee murteessoo dha. Gaafiilee, Oromoon hunduu ofis ta’ee walgaafachuu qabanii dha jedheen amana. Moraan QBO maal ta’uuf akka deemu kan murteessan jaarmayoota Oromoo fi uummata Oromoo bal’aa dha. Uummatni Oromoo keessumaayyuu Qeerroon Oromiyaa waa hundaa jijjiiruuf humna akka qaban Addunyaattillee agarsiisanii jiru. Dhiibbaa uummata Oromoo fi sochii Qeerrootu OPDOllee akka garagaltee ofhubattu taasise.
Sochii kanatu warra “Team Lammaa” jedhamu as baase; Muummichi Ministeerotaa (MM) biyyattii tanaa Oromoo akka ta’u taasise. Sochii kanatu diina jilbiifachiisee har’a qilleessa haaraa biyyattii sana keessatti uume. Humni uummata Oromoo fi kan Qeerroo waa hunda jijjiiruu akka danda’u shakkiin hin jiru. Waan ta’eef, hanga ummatni Oromoo bilisa ta’ee, fuulduree isaa murteeffachuu danda’utti, jaarmayoota garee lamaaniirrattuu dhiibbaa godhuudhaan akka ejjannoo fi ajandaa tokko qabatan taasissuf, uummatni keenya fi addatti Qeerroon dhiibbaa cimaa godhuu qabu. Jaarmayootni keenyas filannoo biraa waan hin qabneef, dhiibba kana fudhatanii; garee kamiiyyuu haa ta’uu tokkummaa kaayyoo uumuun dirqama isaanii ta’uu qaba. “Yaa soogidda ofiif jedhii mi’aawi, yookaan dhagaa dha jedhanii achi si gatu” akkuma jedhamu, haala keessa jirru fi balaa nutti deemaa jirullee hubatanii waan barbaachisu hundaa godhun dirqama yeroo ti. Seenaa dabrerraa baratanii, waan dhufuuf ofqohpeessunis dhimma yeroon gaafattuu dha. Dhumarratti, wanti tokko kan dagatamuu hin qabne fi hunduu hubachuu qaban, Wayyaaneen sagalee fi fuula ishii dhoksitee; OPDO duuba teessee, garuu aangoo qabdu hundatti fayyadamtee; shiroota adda addaa xaxaa akka jirtu dha. OPDO akka riqichaatitti ittifayyadamte bakkee barbaadutti ce’uu yaalti. Wayyanee yeroon ishii dabre; kana booda homaa godhuu hin dandeessu jechuun dogongora guddaa dha. Ammaaf humni murteessaa ta’e harka ishii akka jiru dagachuu hin qabnu. Kallattiidhaanis ta’ee al-kallattiidhaan ammallee aangoo ishiitti fayyadamtee shira xaxaa akka jirtu kan hin hubanne jira jedhee yaaduun na rakkisa. Karaa biraatiin immoo, OPDOf dirreen hunduu banaa yoo ta’e, karaa hin taanetti nu oofuu akka dandeesus hubachuun barbacisaa dha.
Jaarmayaan kun ammalle bakkabu’aa EPRDF/TPLF Oromiyaa ti malee bakkabu’aa uummata Oromoo akka hin taane dhugaan kun beekamuu qaba. Osoo bakka bu’aa uummata Oromoo taatee; osoo dhugumatti uummata kanaaf kan quuqamtu taatee, silaa nagaa uummata kanaa eegsisuu dandeessi ture; uummata kenyatti yartuun hin roorristu turte. Jaarmayaan tun har’as ta’ee boru nagaa uummata Oromoo eegsisuu hin dandeessu. Hooggantoota ishiis yoo ta’an tokkummaa Itoophiyaatiif dhiphachuu fi dhama’uu malee, miidhaan uummata Oromoo isaanitti hin dhaga’amu. Kanaaf, OPDOrraa waa eeguun gowwummaa dha. Hanga dhimma biraatiin walitti deebinutti nagaan turaa! Qabsoon Bilisummaa Oromoo eessaa ka’ee garamitti deemaa jira? – Qormaatota kaleessaa, kan har’aa fi kan boruu – Berhanu Hundee Kutaa Diigdammaffaa Barreeffama kutaa kana keessatti mee akka waliigalaatti mooraa Qabsoo Bilisummaa Oromoo (QBO) fi addatti immoo mooraa Adda Bilisummaa Oromoo (ABO) laalchisee dhima yeroo dheeraa gaafii na keessatti uumaa ture tokkon kaasuu barbaada. Dhimma kana immoo bakkee (iddoo) saditti baaseen laaluu yaala. (1) Mooraa ABO keessatti maaliif addaanbahinsi yeroo adda addaa uumamaa akka as gahee fi sababa kanaan gareeleen heddooman (2) Jaarmayootni Oromoo warri kaayyoo fi galii tokko ykn walfakkaataa qaban maaliif tokkoomuu akka dadhaban (3) Mooraan QBO maal ta’uuf akka deemu fi dhiibbaan uummata Oromoo fi addatti kan Qeerroo jaarmayoota keenyarratti maal ta’uu akka qabu Duraan dursee, wanti ani dubbistoota barreeffama kanaa hubachiisuu fedhu, ani rakkoolee mooraa QBO fi ABO keessa jiran hin beeku garuu akka hubannoo kiyyaatitti yaada fi ilaalchan qabu ibsuufi. Barreeffamni kun yaada malee waraqaa qorannoo (research paper) akka hin taanes asuman beeksisuun barbaada.
1) Mooraa ABO keessatti maaliif addaanbahinsi uumamaa as gahee, sababa kanaan gareeleen heddooman? Akka warri keessa beekan dubbatanitti, moraa ABO keessa ijaarsuma jaarmayaa kanaarraa kaasee rakkooleen bifa adda addaa jiraachaa akka turan himama. Sana hundaa seenaaf dhiisuudhaan, mee waanuma bara 1992 booda mul’achaa as gaherraa hubannoo kiyya ibsuun yaala. Akkuma beekamu addaanbahinsi inni duraa kan uumame bara 2001 yoo ta’u, yeroo sana ABOn bakkee lamatti bahee; gareen tokko maqaa ABO Qaama Ce’umsaa (ABO QC) moggaafatee Obboo Dhugaasaa Bakakkootiin hogganmaa aka turen yaadadha. Rakkoo keessaa beekuu baadhullee, akka dubbatamaa turetti sababni addaan bahinsaa waan kaayyoon ganamaa sun cabeef ykn jijjiirameefi jedhama. Akka naaf galetti kaayyoo ganamaa kan jedhamu sun Walabummaa Oromiyaa mirkaneessuu fi Mootummaa Birmadummaa Oromiyaa ijaaruu natti fakkaata. Ani akkan yaadutti rakkoo keessaa kan ani hin beekne ykn rakkoolee dhuunfaatu jiraatanii ta’a malee, hanga yeroo sanaatti kaayyoos ta’ee sagantaan ABO waan jijjiirame natti hin fakkaatu. Wanti fooyya’ellee yoo jiraate, akka himamaa turetti bara 2004 kora ABO sadaffaarratti wanti tokko tokko jijjiiramanii ta’uu danda’a. Kanaafuu, sababa dhuunfaa kan namoota jidduutti uumameen yoo ta’e malee, kaayyoo laalchisee wanti ifatti beekame hin jiru jechuu kooti. Yoo rakkoo namootaa ta’e immoo, gaafiileen: Eenyutu rakkoo sana uume? Maaliif rakkoon sun uumame? Sana hundaafuu eenyutu ittigaafatama? kan jedhan waan seenaaf taa’anii dha. Sababni addaanbahinsa sanaa kan ta’es ta’u, warri addaan bahanii turan sun yeroo dheeraa booda araaramneetii, deebinee tokko taane jedhanii beeksisan.
Kan nama gaddisiisu garuu tokkummaan sunis yeroo dheeraaf osoo hin turin, hoggansa ABO QC duraanii keessaa namootni tokko tokko ammas deebi’anii kophaatti bahuudhaan, garee biraa uuman. Gareen kunis ABO Obboo Galaasaa Dilbootiin hogganamuu dha jedhamee beekama. Kuni maaliif ta’e? Ammas kaayyootu cabee? Sagantaatu jijjiiramee? Akka natti fakkaatutti, amma dhugumatti sababa dhuunfaatu jira amantaa jedhutti nama geessa. Maaliif yoo jedhame, akka dhagahamutti, hunduu waanuma bilisummaa uummata Oromoo fi walabummaa Oromiyaatiif qabsaa’an fakkaata. Kana jechuun immoo kaayyoon isaanii tokkuma jechuu dha. Akkuma yaadatamu, erga addaanbahinsi kun uumame booda mooraa QBO keessatti gareeleen kun walirratti duulaa akka turan gaddisiisaa ta’us seenaa Oromoo keessatti bakkee qabatee jira. Warri maqaa “ABO Jijjiiramaa” moggaafatanii kophaatti bahan sun jalqabarra dhugumatti waan jijjiirama guddaa tokko fidan fakkeessanii, hawaasota Oromoo biyya alaa jiran amansiisuu yaalanii turan. Nan yaadadhaa, gareen kun Onkoloolesa bara 2009 maqaa “Tokkummaa qabsaa’otaa, gurmuulee fi jaarmayoota Oromoo” jedhuun Tokkummaa tokko uumanii turan. Haa ta’u malee tokkummaan sun yeroo dheeraa waan ture natti hin fakkaatu. Sun kanumaan osoo jiruu, sababa hinbeekamneen gareen kun deebi’ee bakkee lamatti bahuudhaan; gareen tokko “Jijjiirama” yoo jedhamu, kan Generaal Kamaal Galchuutiin hogganamu uumame. Gareen biraa maqaa ABO Koree Yeroo (ABO KY) jedhamu kan moggaafate yoo ta’u kan Obboo Ibraahiim Muummeetiin hogganamu ture. Osoo hin turin garee Jijjiiramaa keessattis ammas rakkoon uumamee, namootni keessaa bahnii jaarmayaa biraa uuman. Jaarmayichi haaraan kun Adda Dimookraatawa Oromoo (ADO) yoo ta’u, kan Obboo Leencoo Lataatiin hogganamuu fi yeroo ammaa kana gara biyyaatti galuuf qophiirra jiruu dha.
Warri hafan immoo bara 2012 sagantaa ABO jijjiirree jirra jedhanii labsan. Kana qofaadhaan hin dhiisne; mooraa Habashootaa kessa tumsa uumuuf yaalii godhaa turan. Habashaanis isaanitti fayyadamtee, warra hafanirratti olola oofuuf miidiyaa isaaniirratti hoggantoota warra Jijjiiramaa afeeranii hasofsiisuu sagantaa godhatan. Haa ta’u malee, tumsi barbaadamaa ture sunis osoo hin milkaayin hafee, warri ABO Jijjiiramaa kan Generaal Kamaal Galchuutiin hogganamu sun Habashootarraa deebi’anii, maqaa haaraas moggaafatanii; sagantaa ykn kaayyoo ABO jijjiirame jedhame sanas bakka duritti deebifne jedhanii; amma kunoo Kallacha Walabummaa Oromiyaa (KWO) jedhamanii beekamu. Egaa, asirratti kaayyootu cabee ree? Kaayyootu mooraa QBO keessatti waliigaltee isaan dhoowweeree? Isa kanatu walitti isaan mufachiieeree? Lakkii, wanti ifaa ifatti mul’achaa jiru rakkoolee biraatu jiru malee rakkoon rakkoo kaayyootii miti. Waanan kana hundaa kaasuuf, fuulduratti waan tokko tokko ibsuuf akka ka’umsa ta’uufi. Warri ABO jijjiiramaa keessa turan gara ADO fi KWO qofaatti bahanii hin hafne. Gareen biraa tokko immoo maqaa ABO Tokkoome (ABO-T) jedhu qabatanii jiru. Isaan kuni hunduu ADO, KWO fi ABO-T warra bara 2008 ABO Obboo Daawud Ibsaatiin hogganamurraa kophaatti bahanii dha. Durumaanuu maaliif achirraa bahan? Sababni isaa maal ture? Akka booda haasa’aa turanitti, hoggansa ABOto nu hojjisiisuu dide; abbaa-irrummaatu jira waan jedhamu faatu dhagahamaa ture. Dhugumatti ABO Obboo Daawudiin hogganamu keessa rakkoo uummatni Oromoo hin beeknetu jiraa?? Dhugumatti abbaa-irrummaatu jiraa? Isa kanatu gaafii guddaa natti ta’ee, dhimma kana akkan kaasu na taasise.
Isa kanatu gaafii guddaa natti ta’ee, dhimma kana akkan kaasu na taasise. Qabxiilee lamaan hafanitti osoo hin ce’in dura, barreeffama kutaa itti aanu keessatti hubachuuf akka gargaaru, jaarmayootni Oromoo, kan duraan ABO tokko turani fi amma kophaatti bahanii jiranis ta’ee jaarmayootni bilisummaa Oromiyaa kan biroo akka armaan gadii ti. Isaan kun jaarmayoota duraan kophaa kophaa turani fi bara 2010 walittibaqan’ee, jaarmayaa tokko taane jedhan: THBOn yeroo ammaa maalirra akka jiru wantin beeku hin jiru. Erga bara 2010 as waayee isaanii quba hin qabu jechuu kooti. Qabxiilee lamaan hafan barreeffama kutaa itti aanu keessatti qabadheen dhiyaadha. Hanga walitti deebinutti nagaan turaa! Ulfaadhaa!
HOGGANAA HUMNA UMMATAA QABU HUMNI FEETE HIN DANDEESSU! _________ Hogganaan biyyaa kan biyya isaa jaalatee dhugaa ummanni biyyattii qabu itti amanee dhugaa isaanii dubbatuu fii dhugaa isaaniif hoojjatu, ummmata isaa biratti fudhatama argatee dhugaan jaalala horata. Humni guddaan hogganaan biyya tokkoo qabu humna ummataati. Humni ummataa jiraannaan humni feete dhuftu humna ummataa hin caaltu. Kanin kana kaaseef Muummichi ministeeraa Dr. Abiy Ahmad erga gara aangoo dhufee yeroo gabaabduu keessatti fedhii ummataa guutuuf tattaaffiin inni godhaa jiru kan ummannii haalaan irraa gammadaa jiruudha. Ummannis “biddeena nama quubsu eelee irratti beekan akkuma ja’an, “kan jalqabaanuu akkanaa yoo akkanaan itti fufe fedhii teenya hunda ni guuta” jechuun itti amananii fuula gara isaa deeffachuun deeggaraa jiru. “Duula dhaqa hin laalanii gala laalan” makmaaksa ja’ullee sammutti qabachaatuma gala isaatis Rabbiin haa tolchu jechaa eebbisaa jala hiriiran. Kun kanaan osoo jiruu murni humnaan biyya bulchaa, ummata saamaa, ummata miidhaa turte tan diigamiinsa malee jaaramiinsatti hin amanne hojiilee gaggaarii inni hojjachaa jiru isaaniif dhukkuba sammuu taatee jirti. Murni tun ummata cunqursaa bulchuu malee nagayaan ummata bulchuu waan hin jaalanneef shira isaanii shiruuf wixirfachaa jiraachuu agarra. Haata’u malee shirri isaan shiruuf yaalan isaanumaaf miidhaa malee hogganaa ummataa kan ummataa wajjiin jiru humaa godhuu hin dandahan. Waa’ee hogganaa ummataa kan biyyoota nagayaan ummata isaanii bulchanii yoo laalle, ummanni yeroo barbaachisaatti humni feete dhuftu yeroo hogganaa isaanii wajjiin dhaabbatan agarra. Kana fakkeenyaaf yoo laalle biyya Turkii kessatti fonqolcha mootummaa bara 2016 waraanni biyyattii yeroo humnaan aangoo qabachuuf yaalan humni ummataa humna waraanaa dura dhaabbatuun wareegama barbaachisu kafaluun yaalii isaanii fashalsanii hogganaa isaanii bira dhaabban.
Kana fakkeenyaaf yoo laalle biyya Turkii kessatti fonqolcha mootummaa bara 2016 waraanni biyyattii yeroo humnaan aangoo qabachuuf yaalan humni ummataa humna waraanaa dura dhaabbatuun wareegama barbaachisu kafaluun yaalii isaanii fashalsanii hogganaa isaanii bira dhaabban. Kunis kan ta’eef waan pireezdaantii biyya isaanii itti amananii jaalataniifi. Akkasuma yeroo ammaa wayyaaneen “humna waraanaa harkaa qabnaa humnaan bulchina” jechuun dhaaddataa waan jiran fakkaata. Haata’u malee waraanni kan ummataati ummatumaafisi. Ummatumaatu waraana tahe malee waraanni ummata isaatii alaa dhufe hin jiru. Gama kanaan dhaaddachuun isaanii abjuu dukkanooyte taateetuma hafti malee humaa takka hin taran. Kana hubachuub muummichi ministeeraas erga ummataaf dhaabbatee ummata isaatti amanee, sodaa takka malee fedhii ummataa guutuuf of duuba hin deebi’u. Tarkaanfiin jalqaba irratti agarsiise akkanumaan itti fuft. Ummannis deeggarsa isaanii cimsanii jabaatanii biyyattii dandamachiisuutu irraa eeggama. Yeroo ammaa wayyaaneen karaa isaaniif danda’ame maraan biyyattii jeequmsa jala galchuun nagaa dhoorguu feeti. Garuu yeroo ammaa ummanni tana irraa abshaalomee waan jiruuf biyyi isaan shororkeessan hin jirtu. Ummanni nagayaa fi hogganaa nagayaa fedha. Kanaaf jijjiirama amma argamee fi dhufaa jiru kana irraa gammaduun tokkummaadhaan jaabaachuun qaawa diinatti cufuuf mummicha ministeeraaf deeggarsa barbaachisu kannaa jiru. Ummanni keenyas bifuma kanaan itti fufuun tokkummaa isaanii jabeessuun tan dur caalaa qabsotti jabaachuu qabu. Injifannoon tan ummatati!
Oromoon Haragee akkuma OPDn jettu kanaa laata? OBSAA FII KABAJAA QEEYROO HARARGEE, DOOFUMMAA FII GOWWUMMATTI FUDHATUUN CUBBUU DHIIFAMA hin QABNE. ~~~~~~~~~~~~~~~ Oromoon Haragee gosummaa fii gandummaan hin komatamu, silaa gandummaa fii gusummaa qabaatee akka ardha keessa jiru kanatti dhaabbilee siyaasaa Oromo jiran hunda keessa faffaca’ee qe’ee ofii dagatee/facaasee hin jiraatu ture. Harargeen uf qolummaan hin qeeqamu. Silaa of qola tahee kutaalee Oromiyaa hunda irraa fii inumaahuu sabaaf sablammoonni garagaraa kan hariiroo takka Oromo waliin hin qabne Harargee keesatti qotatee fii daldalatee hin duroomu ture. Oromoon Haragee jaalala malee jibbaa namaa hin qabu. Umma jaalala fii tapha malee hamtuu takka hin qabne tahuu Oromo dhiisii alagaan Harargee keessa jiraatuhuu(fknf Hamalmaal Abate) ragaa isaanif bahuu bira kuteet mararfannaa isaanif qabu ibsa. *Ummanni Harargee amantiin nama hin jibbu. *Kutaan nama qooduu fii gosummaan amala isaatii miti *of tuulummaa fii shira xaxuu Harargeen hin komatan Ragaan dubbii kanaa👉Namni Qeerron Harargee maaf bulchaa Godinaa irraa nurraa buuftan jedhee mormaa jirru obbo #Taakkale Dheeressati, inni ammo dhalataa Wallaggati amantiin kiristaana , mee duuba Qeerron Harargee yoo “gandumma” fii amantiin qooduu qabaate nama ganda biraa maaf narraan buusinaa jedha? Harargeen amantii jirtu hundaa ammateet nagayaan wajji jiraata. Hagan an beekutti kan bakka biraatii itti gale yoo tahe malee Oromo tahee kan Harargee keessa jiraatu Oromo Muslimaati, haa tahuu ammo amantiin hundinuu mana amantii achi keessaa qabu. Inumaatuu waldaan kiristana Orthodox ayyaana sadarkaa biyyoolessatti guddaa kabajamu Harargee Qullubbii keessatti.
Ar’a OPDO shamtuun kan maqaa biyya bulchinaatin biyya/lafa Oromiyaa #Mi‘esso, #Afdhaab, #Erer, #Mullu, #Huurso, #Bikke #Dirreedhawaa, #Harar, #Jijjiga, #Baabbile, #Mayyuu Mulluqqee fii kkf diinaf gurgurte, kan dheengadda Calanqotti qoteebulaa Oromo(~18) ol badii takka malee duguuyde, kan kaleessa osoo isaan biyya bulchanuu Abdi Ileyen nama 1,000000 miliyoona tokkoo ol qe’ee irraa buqqisee kaan fixee kaan mana wajjiin ibiddaan guggube, kan torbaanuma dabran kana keessa Ilyyuu poolisiin Somalee Oromiyaa keessa galtee Mayyuu Mulluqqetti nama 52 ol ficcisiisee akka nama itti gammadetti cal jedhe ilaalaa ture,. Ar’a kunoo Qeerron Harargee nama sabaaf tolu(obboTakkallee) faa buuftanii kan sabaaf hin tolle nurratti hin fe’inaa jennan, “ololaaaaan amantiin nama walitti buusufi” “Nama asitti dhalatee amantii teenya qabu malee nun bulchu jedhan” bla bla jettee alba’uu eegalte. Naanno/laga fii amantiin nama qooduun kan komatamuu male OPDO malee Qeerroo Harargee miti kanaaf ragaa biraa hin barbaachisu gochuma suukanneessaa nuti hundinuu akka Oromotti balaaleffannee turre kan ji’uma ilmaan Oromo Harargee murruq tahan kana keessa Dambiidoollotti taheedha, sunis dubartii Oromo ulfaa tan mana yaalattiin deeman, diinni ajjeesee ture. Ajjeechaa suukanneessaa kana kan balaaleffate hawaasa Oromo, aktiivistoota, miidiyaa Oromo qofa osoo hin tahin Mootummaan Naannoo Oromiyaatis balaaleffateet Dr Nagarii Leenco (dubbataa MNO) qe’eetti erganii maatii fii Oromoota naannoo sanii jajjabeessanii turan. Suni waan gaarii deeggaramuu qabuudha, Gaafa ummanni Kibbaa walitti bu’e MM Dr Abiyyi ofiif dhaqeeti hawaasicha jidduu taa’ee boohee jara jajjabeessee ture, garuu Murruqiin Harargee Mayyuu Mulluqqee kun isa Kibbaa fii Danbii Doollotiin wal adda moo wal caala?
Suni waan gaarii deeggaramuu qabuudha, Gaafa ummanni Kibbaa walitti bu’e MM Dr Abiyyi ofiif dhaqeeti hawaasicha jidduu taa’ee boohee jara jajjabeessee ture, garuu Murruqiin Harargee Mayyuu Mulluqqee kun isa Kibbaa fii Danbii Doollotiin wal adda moo wal caala? Yoo ulfa tahuuf lubbuun kan wal caalu taate, murruqii ~Mayyuu Mulluqqee tan namoota 52 ol fixxee san keessa dubartii meeqatu jira? Isaan keessaa hoo meeqatu ulfa laata? Daa’imman xixiqqoon hoo meeqa? Jaarsoliin humnan qabne hoo meeqatu keessatti argama maalo? ●Lubbuutu lubbuu caala laata? ●Kutaatu kutaa caalaa? ●Mo amantiitu amantii caalaa? Qeeyroo Harargee lakkaawwadhu cubbuun sitti galte suma laallatti😢 😢 😢 Obsaa fii kabajaa Ummata Oromo Harargee kana, doofummaa fii gowwummatti fudhatuun cubbuu dhiifama hin qabneedhaa hubadhaa Dhaamsa OPDO fii fakkaattuu isaanitiif Yaa OPDO waan kalee ati turtes Oromoon cufti ni beeka, harka kee irrattis waan Oromo fii Oromiyaan dhabnes sabni Oromo guututti beeka, waan taheef uf jirjiirtee gaafii sabaa haqaan deebisuu dandeessu uf jirjiirii sabaaf hojjadhu, diddu immoo Qeerron karaa isa baasu inninuu ni beekaa gurra si calaw.
HEGEREE QEERROO KEENYAAF HAA YAADAMU! Boruu Barraaqaatiin Qeerroon keenya abbaa galataati. Jaratu wareegama baasee Team Lammaa dhalche. Jaratu adda isaanii rasaasaaf kennanii Wayyaanee olaantummaa siyaasaa irraa finqilche. Jaratu lubbuu ofii bakka buutee hin qabne wareegee dhiiga ofii dhangalaasee warraaqsa addunyaan dinqisiifattu kanaan qilleensa abdachiisaa kana fide. Jaratu adda durummaan qabsaahee akka dhaabonni siyaasaa biyya ambaa turan biyyatti galan karaa saaqeef. Kanaafuu dhimma qabsoo kanaa yeroo kaafnu galanni guddaan kan malu Qeerroofi. Haa tahu malee Qeerroon jijjiirama dhufe kana irraa akka buufatu hanga ammaatti haalli aanja’eef hin jiru. Dhugaa dha, qabsichi hin xumuramne. Ammas Qeerroo irraa dirqamni eegamu hedduu dha. Akkasuu tahee garuu hegeree Qeerroo keenyaa ifaa gochuuf karaa adda addaan haalli aanja’uufii qaba. Kana keessaa tokko akka dinagdeedhaan of dada’an gochuu dha. Mootummaan carraa hojii dinagdee gurguddaa Oromiyaa keessatti banuudhaan akka Qeerroon wal gurmeessee aksiyoonaan dinagdee keessa galu haala mijeessuufii qaba. Warra maallaqa ka’umsaa (capital) hin qabneefis haalli liqii itti argatan mijaahuufii qaba. Kun gargaarsa gama mootummaatiin godhamuufii qabu taha. Qeerroo irraa hoo, maaltu eegama? Qeerroon siyaasaa keessa oolee siyaasaa keessa buluu hin qabu. Jireenya isaafis yaaduu qaba. Gama siyaasaatiin wareegama baasee jijjiirama kana fideera, kana booda ammoo akkam godhee akka jireenya mataa isaa utubu yaaduu qaba. Kan barate ogummaa barateen gargaarsa mootummaan godhuuf waliin hojii uumee hojjechuuf of haa qopheessu. Kan daldala hawwu daldalatti haa seenu. Kan qonnaadhaan duroomuu barbaadu qonnaa mechanized tahe keessa galee misooma qonnaa biyyattiif gumaachaa jireenya mataa isaas haa utubu. Qeerroon dinagdeedhaan of danda’e salphaatti qaama siyaasaa kamiifuu hin gowwoomfamu.
Qeerroon dinagdeedhaan of danda’e salphaatti qaama siyaasaa kamiifuu hin gowwoomfamu. Dhaabonni siyaasaa maallaqaan Qeerroo bitanii murna siyaasaa biraa irratti kakaasuuf carraa hin qabaatani. Karaan sun tokkummaa Qeerroo isa akka gaachana keenyaatti laallu sana sharafuutti geessa. Kana ofirraa ittifnaan tokkummaan Qeerroo balaa iraa of oolcha. Qeerroon baratee hojii argachuuf dirqama dhaaba siyaasaa wayii keessatti miseensa tahuun irraa hin eegamu. Yookiis dhaaba siyaasaa tokko jalatti maxxanee durgoo fi mindaa dhaabni sun dantaa isaa oofsifachuuf kafaluufiin buluu jireenya godhachuu hin qabu. Fedhii isaa yoo tahe garuu dhaaba fedhetti miseensummaan seenuu danda’a. Maallaqaaf jedhee dhaaba siyaasaa kamiifuu bitamuun garuu ulfina Qeerroo hin madaalu. Gabaabumatti, dhaabota siyaasaatu ofiif jecha Qeerroo irratti hirkachuu qaban malee Qeerroon dhaabota irraa dantaa kajeelee itti hirkachuun hin taatu. Qeerroon danta jireenyaaf jecha dhaabota irratti hirkata taanaan tokkummaan Qeerroo diigamte jechuu dha. Sababni isaas dhaaba tokkicha osoo hin taane dhaaba sagaltama qabna waan taheef. Akkuma ofii sagaltama tahan Qeerroos bakka sagaltamatti ciruun waan hin oolleef. Yoo Qeerroon dinagdeedhaan of utube biyyis saffisaan guddatti. Sektera hojii qonnaa (qotiisaa, horsiisa loonii (beeyladaa), horsiisa qurxummii, horsiisa kanniisaa) daldalaa, barnootaa, ogummaa fayyaa, ogummaa teekniikaa, industirii, siiviil serviisii fi kan biroo irrattis Qeerroon bal’inaan bobbaanaan beelatu dhabama. Hiyyummaatu bada. Hannaa fi saamichatu irra aanama. Sirna dhablummaatu dhabamsiifama. Walumaa galatti hawaasa dammaqaa, badhaadhaa, fayyaa, of gahaa fi qaroomaa tahetu jaarama. Kana hundaaf ammoo Qeerrootu bu’uura. Dhaamsa kana yoo jaalattan share waliif godhaa.
AJJEECHAAN UUMMATA OROMOO YOOM DHAABBATA? Berhanu Hundee Akkuma hunduu beeku, jijjiirama har’a biyya Itoophiyaa jedhamtu tana keessatti argameef hundeen sochii uummata Oromoo fi addatti immoo Qeerroo Oromoo ti. Kana jechuun abbaan qabsichaas ta’e kan injifannoo silaa uummatuma Oromoo ti jechuu dha. Injifannoo booda hunduu nagaa fi gammachuudhaan jiraachuuf jedhameeti qabsoo hadhooftuun kan godhamu. Kan nama gaddisiisu garuu, injifannoo sochiin uummata Oromoo argamsiisetti har’a hunduu ittiin bashannanaa yeroo jiranitti, uummata Oromoorraa garuu ajjechaan hin dhaabbanne. Kuni maaliif ta’e? Sochiin uummata Oromoo kan Qeerroon durfame, sirna Abbaa Irree Wayyaanee caccabsee, laaffisee, isaanis Maqaleetti galchee kunoo har’a jijjiirama argamsiisee jira. Humnootni hunduu kan uummata Oromootiif qabsaa’anis ta’ee kan farra-QBO ta’an hunduu biyyatti galanii akka barbaadanitti asii fi achi deemaa jiru. Waan barbaadan godhaa jiru; akka barbaadanitti dubbachaa jiru. Uummata kana galateeffachuun isaanirra osoo jiruu; Oromoo diina godhatanii shira irratti hojjechaas jiru. Kuni ta’aa osoo jiruu gama biraatiin ajjeechaan ilmaan Oromoorra gahu ittifufee jira. Mee laalaa, yaadadhaa erguma jijjiiramni kun dhufee asi waan ta’aa jiru. Daangaa Sumaaleerratti lubbuun ilmaan Oromoo meeqa akka baala mukaa harca’aa ture. Miliyoonni qayee fi qabeenya isaaniirraa buqqa’anii har’alle rakkachaa jiru. Erga Abdii Illee too’annaa jala seenee as haalli baha fi kibba bahaa Oromiyaa jiru xinnoo waan tasgabbaaye fakkaatullee, haalli walfakkaataan lixa (dhiha) Oromiyaatti uumamee; lubbuun lammiilee keenyaa meeqatu galaafatame? Uummata keenya meeqatu ammas qayee fi qabeenya isaaiirraa buqqa’an?
Akka waan kun hiree daangaa Oromiyaa fi hiree uummata kanaa ta’etti, kunoo uummatni Oromoo Raayyaa keessattis ajjeefamaa jiru. Gama tokkoon biyyattiin tun tasgabboofte; badiirraa dandamatte; jijjiiramnis lafa qabachaa jira fi kkf haasa’amaa jiru. Mootummaan Itoophiyaa kan Dr Abiyyiin hogganamu biyyattii tana bira dabree naannoo Gaanfa Aafrikaatiifuu wabii dha jedhamee dubbatamas. Biyya keessatti uummatni Oromoo ajjeefamaa yeroo jirutti Baha Aafrikaatiif yaaduun ykn waayee kana afarsuun hiikni isaa maali? Mootummaan Naannoo Oromiyaas ta’ee kan Federaalaa dhugumatti humna nagaa, nageenya fi tasgabbii eegsisuu danda’anii hin qabanii? Seer-dhablummaan akkamitti too’atamuu dadhaba? Nagaa, nageenyi fi tasgabbiin uummataa akkamitti eegamuu dadhaba? Maaliif yeroo hundaa bakkee hundattuu Oromoon xiyyeeffannaa keessa gala? Maaliif uummata kanarratti badiin godhama? Kan hanga har’aatti daangaalee Oromiyaarratti godhamaa turani fi jiran kun boru akka handhuura Oromiyaa Finfinnee keessatti hin godhamne wabii maaltu jira? Humnootin (diinotni) sirna kana keessa turani fi jiran akkanatti dhiiga ilmaan Oromoo dhangalaasaa yeroo jiranitti; diinotni biroo gochaa walfakkaataa nurratti hijjechuuf jala qophaayaa jiru. Isan kana hubannee jirraa? Boru maal ta’uuf akka deemnu itti yaadnee jirraa? Badii nutti aggaamamaa jiru kana ofirraa qolachuuf itti qophoofnees jirraa? Humna Oromootu tilmaama keessa galchinee jirraa? Baay’ina keenya himachaatuma isa kanaan dhaadachaa jirra moo; human baay’ina kanaaf madaalu ijaaraa jirra? Yeroo diinni lafa jalaan of ijaaraa fi human isaa cimsaa jiru, Oromoon akkas godhaa jiraa? Uummatni keenya hangam ijaaramee jira? Humni Oromoo hangam cimaa fi abdachiisaa dha? Oromoo, xiqqaa guddaan, beekaa fi wallaalaan; Oromoon kaabaa fi kibbaa; kan bahaa fi lixaa kan baadiyyaa fi magaalaa; kan keessaa fi alaa; jaarmayootni Oromoo kan uummata kanaaf dhaabbanna jettan hunduu; MNO fi kan Federaalaa walumaagalatti namtokkees ta’ee gamtaadhaan haala keessa jirru hubadhaa.
Oromoo, xiqqaa guddaan, beekaa fi wallaalaan; Oromoon kaabaa fi kibbaa; kan bahaa fi lixaa kan baadiyyaa fi magaalaa; kan keessaa fi alaa; jaarmayootni Oromoo kan uummata kanaaf dhaabbanna jettan hunduu; MNO fi kan Federaalaa walumaagalatti namtokkees ta’ee gamtaadhaan haala keessa jirru hubadhaa. Kan dabrerraa baradhaa; kan amma ta’aa jiru laalaa; kan nutti dhufuuf as deemaa jirus alaalatti arguu danda’aa. Hunda dura nagaa fi nageenyi uummata Oromoo akka eegaman waan danda’amu hundaa godhuun dirqama Oromummaa ti; yeroon isaas amma. Dhimmi uummata keenyaa kan yeroon kennamuufii miti. Kun dhimma hatattamaan furmaata argachuu qabuu dha. Ulfaadhaa
Seenaa qabsaayaa fi goota Oromoo Dr Diimaa Nagoo. Dr. Dima Noggo Sarbo Eenyu? Dhaloota: August 23, 1948 (Nehassie 16, 1940) Aanaa Allee, ganda Carii tti haadha isaa Adde Baftaa Digachoo (Haadha Biyyaa) fi abbaa isaa Kenyazmach Noggo Sarbo (Abbaa Sobbooq) irraa dhalate. Barmoota: September 1956 (Meskerem 1949) Mana Barmoota Haile Sellassie, magaalaa Gore seenee ulaa tokkoo haga 12 tti baratee bara 1967 (1959) xumuree, qormaata ESLCE fudhate. Barattoota 15 keessaa qofaa isaa (qormaata torba fudhate keessaa jahan) dabruu dhaan Universitii seenuu danda’us Afaan Amaaraatiin waan hin dabriniif bara sana universitii seenuu dhorkame. Qormaata Afaan Amaaraas irra deebi’ee fudhatee September 1968 (Meskerem 1960) magaalaa Finfinnee kan jiru Universiti Haile Sellassie seene. Waggaa sadaffaa yeroo raaw’atu akkuma seera universitiitti waggaa tokkoof tajaajila hojjachutu irra ture. Waggaa tajaajilaa kanas Gore tti deebi’uu dhaan mana barumsa itti barate Mana Barumsa Sadarkaa Lammaffaa Haile Selaassietti barsiisummaa dhaan dabarse. Bara 1973 (1965) Saynsii Polotikaatiin Bachelor of Arts degree dhaan dame Sayinsi Politika fi Mootummaa keessaa tokkoffaa bahuu dhaan eebbiffame. Degree isaas Mooticha Haile Sellassie irraa fudhate. Barmoota sadarkaa kanaa xumuruuf barruun qormaataa barreesse (Thesis) waa’ee polotikaa qabeenya lafa fi jijjiirama sirna qabeenya lafa ture. Keessattuu sirni qabeenya lafaa akkaataa itt lafti Oromo saamamee fi wayyabni ummata Oromo lafa dhabee abbootii lafaaf waan qootee argatu irraa haga harka afur keessaa sadii baasuu akka dirqamaa ture fi sirni kun ummata keenya lafa dhablee taasisuu irra dabree mirga dhablee akka godhes ibse.
Sirni lafaa kun ummata Oromo fi ummatoota kibbaa Itiyoophiyaa addatti hiyyuummaa, gadadoo fi mirga tokkollee kan kan hin qabne akka tasise ibse. Kanneen lafa Oromo hirmaatanis irra guddaan kan kaabaa Itiyophiyaa irraa dhufan ta’uu fi lafa sana irrayyuu hin jiraatne ta’uu ibse. Barmoota itti fufuu dhaan Magaalaa Dakar, biyya Senegal kan jiru, United Nations African Institute for Economic Development and Planning kan jedhamu seenee barmoota waggaa tokkoo booda, Economic Development and Planning dhaan bara 1977 dhuma irratt Masters fudhatee jira. Barruu qormaataa barmoota kana xumuruuf barreesse irrattis haala Warraaqsa Itiyoophiyaa bara 1974 (1966) fi akkaataa sunis jijjiirama sirna qabeenya lafaa bara 1975 (1967) argamsiise, qormaata duraan godhe fi muuxannoo hojii dhaan argateen deggerame gamaaggama bal’aa godhee barreese. Dabalees, bara 1998 keessa magaalaa Birmingham, biyya Inglizii university seenee wa’ee nagaa irratti barmoota sadarkaa olii ji’oota jahaaf gegeessee jira. Barmoota sadarkaa Ol’anaa itti fufuu dhaan, bara 2009 Biyya Amerikaa kan jiru University Tennessee irraa, barmoota waggoota shanii booda degree Doctor of Philosophy fudhatee jira. Qormaata (Dissertation) barmoota kana xumuruuf godhe irrattis waa’ee mootummoota wal harkaa fudhaa biyya Itiyoophiyaa bulchanii, keessaahuu fudhatamiinsa dhabuu isaanii fi kana irraa ka’uu dhaan akkaataa isaan keessaa humnaan ummata cunqursuu fi deggersa humnoota aanga’oo irratti rarra’anu xiinxalee barruu guddaa barreesse. Hojii: 1. Akka University Haile Selaassie irraa eebbifameen qooda sochii barattootaa keessatti qabaate fi qormaata sirna qabeenya lafaa irratti godhe iraa hojii akka hin argatne godhamee, yeroo dheeraaf hojii malee ta’e. Akkanas ta’u yeroo isaa hojii politikaatiif dhimma bahe. Oromoota Finfinne keessa jiran fi barattoota University, akasumas kutaalee gara garaa keessatti marsaa barmoota polotikaa fi maadhee gara garaa ijaaruu irratti fi dhuma irratti bobba’e.
Boodas, Ministeera Guddina Ummatummaa fi Dhimma Hawaasumma keessatti Godinaa Wallaggatti Toohataa Hojii Gamtaa Godinaa ta’ee hojii jalqabe. Waggaa tokko erga hojjatee booda Magaalaa Hawaasaa, Godinaa Sidaamoo, keessatti kan argamu Kolejii Leenjisa Dagaagina Hawaasaa fi Hojii Gamtaa, keessatti barsiisaa hojii gamtaa ta’ee hojjateera. Yeroo Labsiin sirna qabeenya lafaa bara 1975 labsamus Ministera Jijjirama Sirna fi Bulchiinsa Lafaa keessatti expertii jaarmayaa qottootaa ta’uu dhaan Itiyoophiyaa guutuu keessa socho’ee qottoota ijaaruu irratti qooda ol’aanaa keeneera. 2. Akksaumas University Tennessee keessatti waggoota afuriif barsiisaa ta’ee hojjateera. Dabalees kan biyya Inglizii jiru University Oxford keessatti fi Biyya Amerikaa kan jiru Princeton University keessatti waggoota lamaaf sirna politika-dinagadee addunyaa irratti qormaata geggeessee barruulee adda addaa barreessee jira. 3. Dabalees baroota dabran keessatti jaarmayoota addunyaa gara garaatiif qormaata gara garaa geggeessuu irra dabree akka gorsaattis hojjateera. Hirmaatnaa Sochii Polotikaa: Sochii polotikaa keessatti hirmaachuu utuu barachaa jiruu, keessattuu University Finfinnee keessatti jalqabe. Sana keessattis karaa lamaan socho’aa ture. Karaa tokkoon Sochii waliigalaa barattoota Itiyoophiyaa keessatti qooda ol’aanaa kenneera; akka hoogganaattis filamee barattoota geggeessera. Karaa kaaniin barattoota Oromo yeroo sana University keessa turan ijaaruu fi marsaa qormaataa dhaabuu dhaan dammaqiinsa barattoota Oromo ol kaasuu fi eenyummaa isaanii jabeessuu fi rakkina addaa ummatni Oromo qabu hubachiisuu fi mirga ummatichaaf falmuu irratti kakaasaa ture. Jaarmayaan akkasiin University keessatti jalqabe kunis booda humnoota biraa dabalatee Adda Bilisummaa Oromo bu’uressuutti geese. Bara 1973 qaamna Adda Bilisummaa ijaaruuf utubame keessatti miseensa sadarkaa ol’aanaa ta’e magaalaa Finfinnee keessaa fi Godinaalee gara garaa keessa deemee Oromoota hedduu ijaaruutti milkaaweera.
Kora Bu’uressaa Adda Bilisummaa Oromo bara 1976 keessa dhoksaa dhaan Finfinnee keessatti yaamame Dura Ta’aa ta’ee geggeesse. Kora sanaanis Dura Ta’aa Adda Bilisummaa Oromo isa jalqabaa ta’ee filame. Sana boodas biyyoota Awroppaa fi Amerikaa, akkasumas Sudan fi Somaliya keessatti Oromoota ijaaruu irratti qooda guddaa kenne. Bara 1978 haga 1991 dirree qabsoo adda addaa keessatti, Godinaalee Wallagga fi Hararghe keessatti qabsoo hidhatnoo keessaa qooda fudhachuu dhaan baroota dheeraa qabsaawe. Gaafatama gara garaas fudhatee hojjateera, akka ajajaa waraana Dirree Dhihatti, Itti gaafatamaa Dinagdee fi Hawaasummaa, dame Alaa keessatti itt gaaftamaa Jarmayaa fi barruulee, Itti gaafatamaa Damee Polotikaa, Itti gaafatamaa biiroo Somaliyaatti, dirqama adda addaa irratti bobba’ee dirqama qabsoo raaw’ateera. Dirqama isaa irrattis dantaa ummata Oromo dursuu irraa bara 1980/81 mootummaa Somaleetiin hidhamee akka biyyaa bahus godhameera. Kora Lammaffaa Adda Bilisummaa Oromo bara 1989 Hararghe keessatti Laga Gobellee itrratti geggeeffames Dura Ta’aa ta’ee geggeesseera. Bara 1991 kufaatii mootummaa Dargii booda Mootummaa Cehumsaa Itiyoophiyaa keessatti Minstera Beeksisaa fi miseensa mana maree ta’uu dhaan hojjateera. Biyyoota akka Amerikaa, Kanada, Tokkummaa Awroppaa, Beljigi, Holland, Xaliyani, Israel, Gibxii, Nijeriyaa, fi kkf keessa socho’ee mummee mootummoota biyya kanneenii waliin waa’ee jijjiirama yeroo sana biyya keenya keessatti dhalate fi haala Mootummaa Cehumsaa gaafasii irratti ibsa mansiisaa kennuu danda’eera. Gargaarsa hedduus biyya keenyaaf argamsiisera. Mootummaa Cehumsaa keessaa erga bahee booda Keniyaa irraa waraana ABO Baalee keessa ture jabeessuu, logistikii fi yaadaan gumaata gochuu irraatt hojjateera. Dabalees, kibba Oromiyaa, Borana fi Gujii keessatti yeroo duraatiif naannawa sanatti waraana ABO ijaaruu danda’eera.
Akkasumas biyya keenya guutuu keessatti dhoksaa dhaan jaarmayaa lafa jala diriirsuu irratti hooggan kennaa ture; qooda guddaas kenneera. Bara 1996 hidhamee Keniyaa irraa akka arihamu kan ta’ee sababni guddaan sochii farra wayyane inni biyya keessatti qindeessu fi waraana Bale, Boorana fi Gujii keessatti inni ijaaraa ture irraa himatnaa mootummaan Wayyanee mootummaa Keniyaatti dhiheeffate irraa ta’uun ni beekama. Kana irratti dabalees hojii alaa irratti bobba’ee hojii diplomasii baay’ee hojjateera. Baroota dheeraa qabsoo keessa ture kana keessatti, mootummoota fi jaarmayoota addunyaa gara garaa quunnamuu dhaan waa’ee ummata fi qabsoo Oromo ibsa gara garaa kennuu fi barruulee adda addaas barreesseera. Haga bara 1998 keessa hooggana ABO keessaa baafametti dirqama qabsoon irraa gaafatu hunda baheera. Sana boodas waan dandeettii keessa jiruun qabsoo gargaaruu irraa of hin qusatne. Baroota dabran keessa Adda Bilisummaa Oromo keessatti fottooqiinsi uumamuu yeroo jalqabu gartuulee gara garaa kana walitti araarsuuf, kannneen dhaabicha bu’uressuu irratti waliin turan biraa waliin carraaqqii guddaa godhe. Carraaqqii waggoota sadii booda, hooggannootni gartuulee gara garaa kun fedhii dhabuu irraa araarri milkaawuu hanqatnaan miseensotni gartuulee kanneenii hundaa walitti dhufanii rakkina qabsoo Oromo keessa jiru irratti Waltajjii Marii Oromo yeroo ijaaranu, isa fi namoota manguddummaa fi araara irratti hojjachaa turan afeeranii mariin bal’aan jalqabame. Marii waggaa tokkoo fi walakkaa booda, dhaabni dhugaadhaan mirga Oromoof falmu haraa bu’uuressuun barbaadchisaa ta’un isaa itti amanamee Addi Dimokratawaa Oromo bara 2013 keessa ijaarame. Kora dhaaba kana bu’uuressuuf taa’es Dura Ta’aa ta’ee geggeesse. Diimaan sochii Oromo qofa utuu hin ta’in sochii naannoo gara garaatti deemaa turan walitti fiduu dhaan kan biyya guutuu ijaaruufis tattaaffii baay’ee godge.
Diimaan sochii Oromo qofa utuu hin ta’in sochii naannoo gara garaatti deemaa turan walitti fiduu dhaan kan biyya guutuu ijaaruufis tattaaffii baay’ee godge. Bara 1993 (1985) biyya Faransaa magaalaa Paris keessatti dhaabotni polotikaa Itiyoophiyaa torba walitti fiduu irratti qooda guddaa kenne; walgahii Paris sanas Dura Ta’aa ta’ee geggeesse. Tattaaffii isaa itti fufuudhaan bara 2016 dhaabota afur (Adda Dimokratawaa Oromo, Paartii Ummata Afar, Ginbot 7, fi Sochii Sabummaa Dimkratawaa Sidamaa) walitti fiduu dhaan Sochii Biyyaa Itiyoophiyaa (Ethiopian National Movement yookin Ye Itiyoophiyaa Agerawi Niqinaqee) ijaaruu irratti milkaaweera. Sochii Kanaafis Dura Ta’aa Gumii Hojii Geggeessaa ta’ee filamuu dhaan geggeessaa ture. Dhaabni ADO sochii ummatni keenya baroota afuran dabran biyya guutuu keessatti geggeessaa ture guutummaa dhaan deggeraa karaa danda’u hundaanis qooda kennaa ture. Jijjiirama ji’oota jahan dabran biyya keenya keessatti deemaa jirus bira dhaabbata; akka jabaatus hojjata. Kanaanis dhaabota biyya alaatii turan keessaa jijjiirama kana fudhatanii kan biyyatti deebi’an keessaa isa duraati. Yeroo ammaa jijjiirama kana karaa hundaan akka jabaatu hojjachaa, waan dandeettii isaa keessa jiruun gargaaraa, seenaa qabsoo Oromo fi sirna bulchiinsa Itiyoophiyaa akkasuma Polotikaa qabeenya lafaa biyya keenyaa irratti kitaabban qormaata irraatti hundeefaman barreessaa jira.
Shaaneen yeroo dhumaatiif siyaasa Oromoo keessaa dhabamuu qabdi.! Barreeffama Prof Ezekiel Gebissa fi Jawar Mohammed haala siyaasa Oromoof Itoophiyaa ilaalchisee tibba kana barreessaniin: Shanee akka waan ABO taatetti dhiyessani. Humna shanee, humna mootummaan walqixeessanii mootummaan shanee mo’achuu hin danda’u jedhani. Yoo mootummaan shanee humnaan balleessuuf yaale Itoophiyaan ni diigamti jechuun xiinxala haqa lafa jiru 100%n haaluun shaneetti lubbuu horuuf kaayyeffatan. ===================== Itoophiyaa fi Karaa Dhanquu Abjuu Jawaar Mahaammad! Jawaar kaleessa barruu dheeraa tokko maxxanse. Barruun sun Siyaasi Itoophiyaa karaa dhanquu irra jiraatuu hima. Yoo “ABO” fi mootummaan karaa nagayaa dubbii fixatan cehumsi gara dimokiraasii kan milkaayu ta’uu dubbata. Yoo akkuma eegalame dubbiin gara humnaa deeme ammoo diigumsi moonaa siyaasaa Oromoo keessatti uumamu Oromiyaa bira taree Itoophiyaa akka Yuugoozlaaviyaa kan bittinneessu ta’uu odeessa. Dubbisnaan xinnoo kofalle! Barruun sun xiinxala otoo hin taane abjuu diina biyya kanaa fakkaata. Dhugaa qabatamaa biyyi keessa jirtu qubayyuu hin qabu. Rakkoon barruu kanaa waa guguddaa shaniin ifuu danda’a. 1. Murna hamaa amma Oromiyaa jeeqaa jiruun “ABO” jechuun sirrii miti. Jawaar murni kun ergamaa diinaa kan ABO diige fi qabsoo Oromoo laamshesse ta’uu tolchee beeka. Maaliif akka maqaa ergamaa diinaa bareechee ummata raatessuuf garuu Waaqatu beeka. ABOn gaafa Oromoon dararamu rafee gaafa Oromoon bilisoomu lolaaf gaara hin seenu. Murni hamaan bilisummaa Oromoo jibbu kun Shanee jedhama. Shaneen ammoo farda Wayyaaneti. Kalees hardhas Geetaachoo Asaffaatu yaabbata. Diina Oromootiin ABO jechuun raajii guddaa dha! Waan dabaa! 2. Siyaasi Itoophiyaa karaa dhanquu irra jiraatuu odeessuun olola.
Kaleessa karaa dhanquu irra turuun keenya dhugaa dha. Ummati gara itti deemu fi nama waliin deemu wallaalee ture. Hardha garuu achi hin jirru. Akka waliigalaatti ummati Itoophiyaa cehumsa kana deggaraa jira. Beekaa fi wallaalaan biyyattiif dimokiraasii akka barbaachisu amaneera. Namuu deemsa kana fullaasuuf hooggansa haaromsaa bira dhaabbatuuf murtii qaba. Yaadi fi deemsi ummati deggare ammoo abjuu murnaatiin duubatti hin deebi’u. Akka biyyaatti karaa tokko irra deemaa jirra. karaan sun karaa tokkummaa fi dimokiraasii jedhama. Ammatti dhanquu wanti jedhan qabatamaan hin jiru. Kana biratti cehumsi Itoophiyaa biyyoota ollaa fi mootummoota guguddoo addunyaa irraa deggarsa baayyee argataa jira. Hooggansi haaromsaa waa hunda lakkaayee herregaan hoofaa jira. Haala akkasii keessatti abdan cehumsi keenya hin gufatu. Dhugaa kana cinaatti dhiisanii dhanqeessuun waan hin taane! 3. Humna Shanee akkas ol kaasuun nama kofalchiisa. Jawaar hojiilee hamoo “Shaneen raawwatuu malti,” jedhe ballinaa tarreessee jira. Deggartoota fi hooggansa mootummaa akka ajjeeftu hime. Waan waliin taa’ee karoorse fakkaata. Humni Shanee fi kan mootummaa waan wal-gitu fakkeesse. Garuu abjuu dha. Tokkoffaa ummati Oromoo Shanee tufee jira. Diinummaa ishii xinnaa guddaatu hubate. Gara Wallaggaatti burjaajjii uumtee turte. Amma garuu ummati Wallaggaas mootummaa faana ta’ee of keessaa isii buqqisaa jira. Kana biratti mootummaan xayyaara, taankii fi loojistiikii guddaa ajaja. Yoo dadhabellee biyyoota biraa irraa tumsa gaafatuu danda’a. Shaneen garuu qawwee dulloomaa rasaasa hin qabne qabattee yaati. Lola kana akka mootummaan mooyatu beekuuf hayyuu ta’uu nama hin gaafatu. Haati gasheetuu ni beekti. Murna baduuf torban lama hafe mootummaan qixxeessanii dhiyeessuun xiinxala otoo hin taane dhokachoo taphachuu dha.
Akkuma Daawud gorsa Geetaachoo qabatee baatii sadi keessatti aangoo qabatuuf waraana seene san taate dubbiin. Abadan Shaneen ammaan duuba ol hin kaatu. Jawaar Shanee mararfatuu hin oolle. Garuu gamanumaa booyee ijibbaatuu qaba. Duuti ishii murtii dha! 4. Raayyaa Ittisa Biyyaa irratti ammo olola fokkuu hoofe.. Jawaar raayyaa keessa siyaasa fi sabaan wal-qooduu hamaan akka jiru dubbata. Kijiba guddaa dha. Bakka kamuu caalaa haaromsi dhugaa kan dhufe raayyaa ittisaa keessatti. Amma raayyaan ittisaa akka biyyaaf wabii ta’utti ijaarameera. Cehumsa eegalame milkeessufis qaama kamuu caalaa murannoon hojjataa jira. Jaarmaa akkanaa irratti olola diigumsaa hoofuun nama taajjabsiisa. Abbaan fedhe abjuu fedhe abjootus Raayyaan Ittisaa biyya keenyaaf qofa otoo hin taane gaanfa Afrikaaf abdii dha! 5. Shanee fi mootummaan araaraan dubbii akka hiikan gorsuun olaantummaa seeraa gatii dhoowwachuu dha. Shaneen nagayaan qabsaayuuf waadaa galtee biyya seente. Sana booda waadaa diigdee kaampii 11 banuun daa’ima leenjisaa qophii waraanaa eegalte. Caasaa mootummaa diiguu, meeshaa fi qabeenya saamuu, nama ajjeesuu fi nagaya booressuutti seente. Kaayoon baatii sadi keessatti humnaan aangoo qabatuu dha. Qabatamaatti waan heera biyyaa faallessu hojjatte. Kun yakka gogaa dha. Heera biyyaa fi waadaa ummata Itoophiyaaf seente diigde. Qaami akkanaa shororkeessituu dha. Seeraan karaa qabatuu qabdi. Dubbii shororkeessummaa maqaa siyaasaatiin yaamuun waan hin taane. Jawaar mootummaa sossobee Shanee du’a oolchuuf waan yaade fakkaata. Garuu hin taatu. Shaaneen yeroo dhumaatiif siyaasa Oromoo keessaa dhabamuu qabdi. Ganna digdamaaf fira fakkaattee kan qabsoo keenyatti qoosaa turte gahaa dha.
Ganna digdamaaf fira fakkaattee kan qabsoo keenyatti qoosaa turte gahaa dha. Ushururuun kaleessaatuu sirrii hin turre. Tokkummaa Oromoof jecha baduu qabdi. Siyaasi Itoophiyaa rakkoo qabaatuun sirrii dha. Abjuun hooggansa gubbaa qixa sirriin lafa hin geenye. Bulchiinsi badaan ammas jira. Kachachallii sirna haqaa keessaa hin baane. Akka waliigalaatti garuu siyaasi keenya fayyaa qaba. Jijjiirami eegalame lammiilee maratti abdii horeera. Dirreen siyaasaa ballateera. mirgi namoomaa kabajameera. Karaan misoomaa fi nagayaa qabatameera. Tokkummaa Oromoo humni fedheyyuu hin diigu. Oromoon martuu wabiin bilisummaa fi qananii isaa tokkummaa ta’uu hubatee jira. Murni tokkummaa Oromootti quba buuse badii isaa beekkatuu qaba. Shanee wanti boolla buuse tokkummaa Oromoo diiguuf yaaluu isiiti. Tokkummaa Itoophiyaa wanti laaffisus abadan hin jiraatu. Cehumse eegalame shakkii tokko malee milkaaya. Yaadi harkaa qabnu yaada yeroon isaa gahee dha. Kanaafuu ni mooyanna! Kun dhugaa namuu amanuu qabuu dha. Hin jigu hin dhangala! Hora Oromo tiin Horaa Bulaa! Waan hafe dabalaa! :
Seenaafi_Hidda_Latinsa_Oromoo_Harargee Gosoonni Oromoo kan Ilmaan bareentummaa tahan keessaa kan harargee keessa jiraatan ilmaan Humbannaa/Aniyyaati isaaniis ilmaan sadan Sadachaa Baabboo ,Malkaa fi Danbee jedhamuun yammu beekaman ilmaan Afran kodheellee immo Biduu, Annaa, macca fi Kooyyee jedhamuun beekaman. ilmaan Afran Qalloo immoo Afran ilmaan Qalloo yammuu tahan isaaniis Oborraa, baabbile,Dagaafi Ala jedhamuun beekaman. Akkasuumaas Guutuu Harargee lixa qabatanii kan argaman Ilmaan Murawwa/Ituu jedhamuun kan beekaman yammuu tahu walumaaa galatti Gosootni kuniis dhuma Jaarraa kudha lammaffaa dura jalqanii seeraa gadaa tokkoon Odaa Bultum jalatti waggaa dhibba hedduuf of bulchaa turuu isaanii seenaan barreeffamaa adda addaa ni ibsa. Hiddi laatinsa Oromota Harargee akka kanaan gadiitti tarreeffamu Marawwaa (Ituu) Afran Mana Ituu 2. Shanan Mana Baabboo 1/ Afran Mana Ituu Adaayyoo Arroojjii Waayyee Baayee 2/ Shanan Mana Baabboo Baabboo Algaa Galaan Warra Gaamoo Humbannaa Anniyyaa Sadan Sadachaa Afran kodheellee Baabboo Malkaa Danbee Biduu Annaa macca Kooyyee Qalloo Oborraa Baabbilee Dagaa Alaa Oborraa Dagaa Akkichuu ` Bilii Dooranii Yaasaa Booranii Mangaadhaa Xaayee Gorbee Kuraa Hinee Yaasaa Guutaa Guttayyuu Abbichuu Baabbilee Areelee(1) Heeban(3) Hawwiyyaa(2) Girii Dooyyoo 1. Fagaroo 1. Gundhabee Waalee Waajaroo Lubaayaa Goonaa 2.
Karaalee Baabboo Haagloo Maayaa (7) Alii Usmaan Boonayaa Dooranii Hagaloo Tudhaa Miyyii 3/ Dagaa Noolee Jaarsoo (6) Huumee (12) 1/ Haleelee 1/Oromoo 1/ Sirgaalaa 2/ Muchaa 2/ Dawwaaroo 2/ Duudaa 3/ Oromoo 3/ Dhangaa 3/ Warra Daay 4/ Walaabuu 4/ Badii 5/ Warrasay 5/ Oboo 6/ Ogaa 6/ Asaboo 7/ Ibsoo 8/ Onaayaa 9/ Alii 10/ Noolee 11/ Guyyee 12/ Busa 4/ Alaa (12) Abbaadhoo (4) Abbayyii (4) Gutayyuu (4) Arroojjii (7) Tuulama 1. Kodhallee 1. Yaasaa A) Sadeen Oboo Sirbaa 2. Amuumaa 2. Kuutayyaa 1. Baachoo Kuraa 3. Diiramuu 3. Guuleee 2. Balaalo 4.maayaa 4. Sobaalee 4.yaayya 3. Doogu Afrab Jamjam 1) Diimaa 2) Bonee 3) Waayyuu 4) Abbaadhoo Alaa Nuunnuu(4) Goollo(3) Galaan (3) Buubbuu (3) 1, Baabboo 1, Maaruu 1, Dambee 1, Aliimoo 2, Jiddaa 2, Hurratii 2, Iluu 2, Diramuu 3, Itayyaa 3, Jiddaa 3, Morowwaa 3, Kutaayyee 4, Biliidaa Alaa Kaakoo (4) Eree(3) Diiramuu(4) Meettaa(8)4n baddaa 4n Lagaa 1, Hariroo 1, Dooguu 1, Oyloo 1, Ariyaa 5.Maaru 2, Dullachaa 2, Baaduu 2, Corroqoo 2, Buunnii 6.Dullacha 3, Dhanqaa 3, Buraaqsaa 3, Abuunni 3, Daada 7.Biyyoo 4, Adaanoo 3, Abuunni 4,Ooyloo 8.Dimmaa Weeyrara Alagaatiin Dura Ittiin Bulmaata sirna Gadaa Raabaa fi Doorii Oromoota Harargee Bara sirna gadaa kana keessatti abboottii gadaa lakkoofsan hedduu ta’aniitu teessoo isaanii Odaa Bultum godhachuun Oromoo Harargee bulchaa turan keessaa akka fkntti Abbaa gadaa Jaarraa Mardiidaa/1193-1200/,Roobaa Dhungataa /1201-1208/,Roobaa Gaamoo/ 1209-1216/ Roobaa Gobeellee/1217-1224/ ,Dooyyoo Daarimuu.1225-1232/ fi Harhar Hargaya/1233-1241/ jalqaba irratti warreen eeramaniidha Haata`u malee lakkoofsi namaa fi horii hedduummaachaa waan dhufeef gosoonni Oromoo kun lafa baballifachuuf gargar fagaatanii qubachuu jalqaban.
Akkaata kanaan Oromoon Afran Qalloofi Anniyyaa gara bahaa godaananii lafa bal’aa qabatanii jiraachuu jalqaban. Iddoon qubatanii jiratan Odaa Bultum irraa baay’ee fagaatte. Sababa fageenya kanaan seeraafi bokkuu tokko jalatti buluun baay’ee ulfaataa dhufe. Rakkina kana furuuf gosoota Orommo gara bahaa socho’anii qubatan keessa tokko kan ta’e Oromoon Afran Qalloo Jaarraa 18ffaa keessa konfodereshiinii Afran Qalloo jedhamu hundeessuun sirna gadaa mataa isaani uummatanii ittin of bulchuu jalqaban. Sirni gadaa ilmaan Afran Qalloo hundeeffatanii ittin bulaa turan kun Raabaa Doorii jedhama. Teesson gadaa Raabaa Doorii afran qalloo Mooraa Fugug bakka Buluuloo jedhamtutti yammuu tahu Buluuloon Aana Qarsaa naannoo Magaalaa waatar jedhamtu cinaatti argamti. Korri caffee gadaa Raabaa Doorii walgahii isaa waggaa saddeet, saddetiin gaggeeffata. Hirmaattoonni kora caffee gadaa Raabaa Doorii kuniis dhiibbaa tokko malee bilisaan yaada isaanii dabarfatu.Korri yaa’ii caffee kun gosa hunda walqixxummaan hirmaachisee nageenyaa fi tasgabbii ummataa kabachiisaa tureera. Kana malees, sababa bishaan dhugaati fi lafa margaatin walitti buinsa gosa jiddutti uumamaa ture furmaata itti keennuun nageenyaa ummata jiddutti buusaa ture. Sirni gadaa kun Aadaa,duudhaa,afaan,seenaa fi Amantii saba Oromoo akka hin banne eegee dhaloota irra dhalootatti akka dabru taasisuun guddina Aadaa fi eenyuummaa oromootif gahee bahaa ture. Gama biraatin gosoonni Afran Qalloo hundi bulchinsa Raabaa Doorii kan mataa ofii qabaachaa turan. Bulchinsi kunis kora caffee Raabaa Doorii gosaatin hogganama. Korri gosaa kan rakkoolee xixiqqoo gosa jiddutti umamtu furmaata itti kennuun nageenya hawaasaa tiksu Raaba jedhama. Haata’u malee rakkoolee gurguddoo gosa jiddutti uumamtu ilaaluuf kan aangoo qabu kora caffee gadaa Doorii jedhama.
Bulchinsa gadaa Afran Qalloo keessatti qaamni aangoo guddaa qabu Caffee Gadaati. Gara biraatiin Raabni bulchinsa gadaa yoo ta’u Dooriin waraana gadaati.Hojiin waraana doorii diina ummata irra ittisee nageenya hawaasa Oromoo tiiksuudha. Ajajaan waraana doorii Abbaa Duulaa jedhama. Haata’u malee, qaamni waraana labsuuf aangoo qabu Caffee Raabaa Dooriiti. Hoggantoonni sirna gadaa raabaa doorii karaa dimookiraasiitin ummatan filamanii waggaa saddeet,saddeetin aangoo walif dabarsaa biyya bulchaa turan.. Gama kaaniin gosti Oromoo Anniyyaa Jaarraa kudha saddeetaffaa irra eegalee Caffee Gadaatin of bulchaa turuu isaani seenaan manguddoota oromoo irra argame ni ibsa. Akka manguddoonni kunneen jedhanitti teessoon caffee gadaa Oromoo anniyya Diida Anniyyaa ykn Burqaa Tirtiraa jedhamti. Miseensota hoggansaa kora caffee Gadaa Raabaa fi Doorii akka kanaan gadiitti tarraa`aniiru. Abbaa Fugug(Abbaa Gadaa) – Presidenti Abbaa Bokku – Itti Aaanaa-Presidenti Abbaa Chaffe – Waliitti Qabaa kora (Chaffe) Abbaa Dubbi – Kan Dubbii Ykn Dhimmoota Uumaman akka murtii Argataniif kora caffeetiif dhiheessu Abbaa Seera – inniis nama heeraa fi seera sirritti beeku fi akkasumaas heeraa fi seera kana kora caffeetiif kan ibsuudha Abbaa Alanga – Inniis dhimmoota umameef murtii gitu kora caffeettiif kan himu Abbaa Duula – Ajajaa waraanaatti Abbaa Sa’a – qabeenya kan toohatu Hoggansi kora caffee kun Aadaa, seenaa,afaan fi safuu hawaasa beekuufi akka hin tuqamne tiksuuf dirqama qaba. 1.Hiikkaa Gadaa Gadaan waan jecha tokkoon himamuu miti. Kana jechuun gadaan hiika hedduu qaba jechuudha. Innis akka armaan gaditti ibsama. Gadaan sirni ittin bulmaataa Oromooti Gadaan maqaa waliigalaa kan ittin bulmaataa dimookiraatawaa taheedha.
Sirna dimookiraasii hayyoota Oromootiin uumameedha. Sirni gadaa heera saba Oromoo guutuu kan siyaasaa, dinagdee fi hawaassummaan sabichaa ittin murteeffamuu dha. Kan miseensi sabichaa mirgaa fi dirqama isaa beekee itti walii galu wabii tokkummaati. Gadaan sadarkaa umriiti Sirni gadaa sirna dhalli Oromoo hoodaa fi itti gaafatama adda addaa kan itti qabatanii dha. Hojiileen raawwatamu hundi sirna gadaan walitti hidhata qaba. Kana jechuun gadaan sirna aadaa, seenaa, afaan, hawaasummaa, dinagdee Oromoo irratti hundaa’ee ijaarame jechuudha. Dhallii oromoo sadarkaa umrii waggaa saddeet saddeettin tokko irra gara biraatti dabraa bara saddeetama booda sadarkaa gadamoojjii /kudha tokkoffa irra gaha. Namni tokko sadarkaa gadaa tokko keessa bara saddeet qofa tura. Yeroo sadarkaa gadaa tokko irra kan biraatti cehu sirna adda addaatuu raawwatama. Sadarkaaleen gadaa kunis akka armaan gadiitti dhihaatu. 2. Sadarkaalee Gadaa maxxaarii (0-8) Sadarkaa kun sadarkaa daa’imaati Daa’imni sadaekaa kana keessa jiru rifeensi isaa hin haadamu Daa’imni tokko yeroo sadarkaa kana hulluqu maqaa arkata. Maatiin daa’iman sadarka kana keessa jiran qaban yoo aannan hin qabne gosaatuu keennaf. Daa’imni sadarka kana keessa jiru hamtuufi toltuu, firaa fi alagaa addan baasuuf fa’a. kana malees hibboo fi seenaa akaakkayyuu fi abaabilee isaa irra barata. Akkasumaas, gaggeessa paartii gaafa dhalatan taayta irra ture waliin akka miseensaatti fudhatama. Sadarkaan kun Oromoo Ituu biratti maxxaarrii jedhama. Ruubaa/Itti makoo (9-16) Daa’imni tokko yeroo sadarkaa kana seenu rifeensi irra haadamee booda ayyaanni qophaahee keennaan gabbisaa /goramsa tokko/ keennameefii sadarkaa itti makkootti seena.
Yeroo kana hammachiifamee maqaan baafamaf. Guyyaa kanarra eegalee maqaan kanaan beekkama. Ijoolleen sadarkaa kana seenani bara afur booda gaammaa haaddatanii, roggee filatan Gahee hojii isaanii Bishaan daakuu, farda gulufsiisuu fi sirba fi geerarsa baratu. Kanamalees hidda sanyii isaanii, hojiitiksaa, adamoo, ispiirtii aadaa fi jibrii foo’uu baratu. Akkasumaas , siyaasaa (mirga, dirq ama, seera) fi hawaasummaa baratu. Dhumma irrattis ayyaana ijoollee kan tabooree jedhamu hiriyaa isaanii walin kabaju. Sadarkaan kun – Boorana keessatti – Gammee xixiqaa jedhama Goobama/Dabballee (17-24) Da’imni sadarkaa Ruubaa keessa dabree sadarkaa goobamaa ykn dargaggoo keessa seena. Gahee hojii Leenjii waraanaa baratu Biyya irra deemuun sirba saban wal baru Yeroo gadaan buttaa qalu goobamaatuu korma kuffisee qabaaf sadarkaan kun bakkoota adda addaatti maqaa adda addaa qaba. Tuulama – Foollee Borrona – Gammaa Gurguddaa Gujii – Kuusaa Afran Qalloo – Goobama Raaba/Foollee (25-32) Namni tokko sadarkaa gobama keessa bahee sadarkaa raabaatii seena. Sadarkaan kun sadarkaa loltummaattii. Namni sadarkaa kana seenee waraana taha jechuudha. Sirna gadaa keessatti murni kun murna loltuu ture. Namni umriin isaa sadarkaa kana seenee hundi loltummaa tahuuf dirqama qaba. Gahee hojii Raabaa Leenjii waraanaa baratanii yeroo diinni biyya weerare meeshaa waraanaa kan akka xiyyaa, eeboo, gaachanaa fi fardaan duulanii diina ofiirra deebisu. Dhimmoota biyyaan wal qabatan barachuu jalqaban. Sadarkaan kun bakka adda addaatti maqaa adda addaa qaba. Kunis Booranatti – Kuusaa Tuulamatti – Qondaala Gujiitti – Raabaa Afran Qallootti – Raabaa jedhamu Doorii (33-40) Sadarkaan kun yeroo itti ilmaan kormaa aangoo qabachuuf qophii barbaachisu itti godhaniidha.
Haalii hojii isaanii warra biyya bulchan waliin waliitti hidhata qaba. Gahee Hojii Doorii Bakka warri gadaa itti murtii seeraa keennan rakkoo gosaa ilaalanii fi marii adda addaa godhanitti argamanii seea baratan. Manguuddoo biyyaa irraa aadaa, seenaa, amantii, fi seera baratan. Yaa’ii caffee gadaarratti hirmaatanii duudha bulchinsa gadaa baratan. Rakkoolee xixiqqaa uumamte furanii muuxannoo hojii horatan. Biyya keessa deemanii ummatan wal baru. Sadarkaan kun bakka adda addaatti maqaa adda addaa qaba. Kunis :- Booranatti – Raabaa Doorii Tuulamatti – Luuba Afran Qallootti – Doorii /Raaboodoorii/ Gujiitti – Doorii jedhama. Waluma galatti sadarkaan doorii kun yeroo itti ilmaan kormaa aadaa, duudhaa, seenaa, safuu, seeraa fi heera baratanii angoo qaphachuuf itti of qopheessaniidha. Gadaa (41-48) Sadarkaan kun yeroo ilmaan kormaa aangoo siyaasaa itti qabatanii biyya bulchanii dha. Kana malees yeroo seera itti seeraa ilaalanii rakkoo gosaa furaniidha. Akkasumas abbaan gadaa biyya bulchu yeroo kana filamee hojii mootummaa godhaa itti jalqaba. Sadarkaan kun bakka adda addaatti maqaa adda addaa qaba. Innis :- Booranatti – Gadaa Gujiitti – Gadaa Tuulamatti – Luuba Arsiitti – Luuba Waluma galatti sadarkaa gadaa kana keessatti biyya guutuu keessa deemanii rakkoo dinagdee, hawaasaa, siyaasaa fi waraanaa furuuf itti gaafatama qaban. 7.Abbaa Bokkuu(49-56). 8.Abbaa muudaa(57-64) 9.Hayyuu(65-72) 10.Gada Mooji(73 -80) Sadarkaan kun yeroo murni duraan aangoo irra ture aangoo itti dabarsu keennuun aangoo irra buhuudha. Manguddoonni yeroo aangoo isaanii fixan akka angafootti ilaalaman. Abboottii Gadaa aangoo irra jiran gargaaran ykn gursu.
3/ Gadaan maqaa miseensoota paartiilee gadaati. Gadaan oromoo shani ykn gaggeessa gadaa shan qaba. Gaggeessa gadaa jeechuun miseensa paartiilee siyaasaa jechuudha. Gadaan tokko waggaa saddeet qaba. Gaggeessi tokko waggaa saddeet biyya bulchee kan itti aanuuf aangoo keenna. Abbootiin gadaa waggaa saddeet saddeetiin aangoo waliif dabarsu. Waggaan saddeet gadaa tokko maqaa mataa isaa qaba. Kunis gaggeessa ykn miseensa gadaa jedhama. Kunis bakka adda addaattii maqaa adda addaa qaba. Boorana – Gaggeessa Gadaa Tuulama – Miseensa Gadaa Ituu – Miseensa Gadaa Arsii – Miseensa Gadaa Gujii – Baalii jedhama. 4.Marsaa Gadaa Gaggeessi gadaa tokko tartiibaan deemee kan jalqabaatti yoo deebi’u marsaa tokko tahu. Kunis Marsaa Gadaa jedhama. Gaggeessi gadaa tokko waggaa 40 booda bakka isaatti deebi’a ykn aangoo qabata. Ilmaan gadaa moojii warra gadaati. Kana jeechuun abbaan gadaamoojii yoota’u ilmi isaa abbaa gadaa ta’a. Gaggeessa Gadaa Afran Qalloo Hormaata Sabbooqa Dibbeessa Fadataa Daraaraa fa’a. Gaggeessii kun tartiibaa marsaan gadaan yoo mul’atu kan armaan gadii fakkaata. Sabbooqa Hormaata Dibbeessa Daraaraa Foodataa Waluma galatti gaggeessi gadaa 5 marsaa gadaa tokko tahu. Tartiiba yeroo idileetiin yoo laallu jireenya namaa tokko keessa marsaa gadaa lamaatu jira. Isaaniis Marsaa duraa – Gadaa Abbaa Marsaa Boodaa – Gadaa Ilmaa Dhalii oromoo tokko guyyaa itti dhalatee eegalee hanga umrii waggaa (80) miseensa paartii gadaa tokko tahee jiraata Kana jechuun abbaa fi ilma jidhuu garagarummaa umrii waggaa 40 jira. ——————————————————- Ababoota laamishaahuu fi Guutummatti dhababmuu sirna Gadaa Raabaa fi Doorii Ittin bulmaatni Mootummaa Raabaa fi Doorii Harargee Kuniis laamshaahuu kan eegale .
Jalqaba jaarraa 18ffaa keessa sababa Abbootiin Gadaa Rabaa fi Doorii tokko tokko Amiirota hararii waliin hariiroo Fuudhaa fi Heeruma uumuu dabalatee Amirota Harararii gosa orommoo lallabachuu barbaadaniif akka gosti moggaafamtuuf godhan booda. Adeemsi kuniis muudamni Abbaa gadaa akka duraatti kan heeraafi seera sirna gadaa eggatee deemu osoo hin taane Angoon abbaa Gadaa maatii irraa gara maatiitti akka darbuuf xurree saaqe. Sababnii bara hariiroon kun uumamu Angoon Amiirota kan warra maatii tookko waan tureef Aboottiin Gadaa raabaa fi Dooriitiis Adeemsa kana dhaaluu jalqaban fkn Amiir Ali ibn Da’ud kan bara(1647-1661)bulchaa ture irraa eegalee hanga Amiiraa isa dhumaa Amir Abdullahi ibn Muhammed kan bara(1885-1887)harar bulchaa turetti Amiirumaan Abbaa irraa gara ilmaa ykn obboleessa irraa gara obboleessaattii dabraa turte. Gara oromootiinis Abbootiin Gadaa adeemsa kanan bulchaa turan akka fkntti Ballaa Buubaa ,Caammaa Nuur,kormooso,wadaay galmoo faan isaan muraasa. Adeemsa fuudhaa fi heerumaatiin walqabatee Ali ibn Da’ud kan bara(1647-1661)bulchaa ture niitiin issaa oromo Anniyyaa yammuu taatu Amiir muhamad kan(1866-1875)Harar bulchaa ture nitiin isaa oboleettii koormoosoo kan abbaa gadaa afrn qalloo ture yammuu taatu inniis kudha lamaana alaa keessaa gosa warra Abbaadhooti. Akkasumaas kormoosoos intala Amir Abdul Karim (1825-1834),kadja tan jedhamtu fuudhee akka ture ni himama. Gara biraatiin naannoon Oromiyaa Bahaa tun Afaan qawwee weerartoota Arabaa jechuun Mootummaan Turkii fi Mootummaan Misraatiin A.L.A bara (1875-1885) Weeyraramuun ittiin bulmaaatni sirna Gadaa Raabaafii Doorii Oromoota hararg kun daran akka laamishaahu ta`e.
Adeemsa kanaaniis Weeyrartoonni kun bakka Abbootii Gadaa Duursitoota Gosaa gosoota oromoo kan naanno kana jiraatan keessaa filanii Maqaa Damiina,Garaada fi Malaaqa jedhamu moggaasuudhaan angoo kennaniifi akka adeemsi ittiin bulmaaata sirna Gadaa sabni kun ittiin walbulchaa ture dadhabu taasisan. Dhuma irrattis Sirni Gadaa boonsaan Oromoon ofii kalaqatee ittin of bulchaa ture Kun xumura Jaarraa 19ffaa keessa weeyrara nafxanyootaatiin guutuutti Barbadaahuu isaa yaadannoo kaleessaatti. Xumura Akukuma jalqaba irratti ibsine sirni Gadaa sirna Dhimma jiruu fi jireenya ummata Oromoo fuula hundaan kan ilaalu sirna siyaasa, aada diinagdeefi amantiiti. Akkaataan jireenya maatii, fuudhaafii heerumaa, hariiroon uumaa, Akkaataan qabannoo qabeenyaa itti loon bobbaasan, ,akkaataan itti qabeenya horatanii dhimma ittiin bahan hundi aadaa Gadaa keessatti bakka olaanaa qabu. Namuu qabeenya mataa isaa irratti mirga guutuu qaba. Akkaataan baasiin gumaa, adabni seeraa cabsanii fi sababa biraalleeofitti makanii itti waliin jiraatan hundi aadaa sirna kanaantiin gaggeefamu. Akka bara saniitti eenyulleen aadaa kana nifudhata. Murtiin adabbii yoo irratti dabrellee namni sun beekeeti eegumsa tokko malee, taa’ee adaba isarritti raaw’atamu eeggata. Aadaa kanaa ala bahuun, badiidha, namuu aadaa tahuu isaa waan beekuuf sirna Gadaa keessa jiru osoo keessaa of hinbaasin kabajee jiraata. Walumaa galatti sirni Gadaa sirna tokkicha ilmaan Oromoo hundi ittiin wal-bulchaa ture har`a addunyaa biratti fudhatama argachuun Galmee UNESCO irratti Galmaa`e waan ta`eef sirna kanaan yoo har’a wal-bulchine tokkummaa Oromoo gutumaan guutuutti mirkaneessuu bira dabree eenyummaan Saba Keenyaa daran Addunyaa irratti akka beekamu taasisaa. kanaafuu sirna miidhagaa sabni keenya ittiin walbulchaa ture kan gita bittaan nafxanyaa akka awwaalamu taasise ture kana iddoo jalqabaatti deebi`ee akka dagaagu gochuuf ga`een tokkoo tookkoo abbaa aadaa kan ta`e saba oromoo irraa eegamu ol`aanaa waan taheef gumaachi yaadaa fi beekumsaa nuti gumaachinu eegala dhuma hin qabneedha
kanaafuu sirna miidhagaa sabni keenya ittiin walbulchaa ture kan gita bittaan nafxanyaa akka awwaalamu taasise ture kana iddoo jalqabaatti deebi`ee akka dagaagu gochuuf ga`een tokkoo tookkoo abbaa aadaa kan ta`e saba oromoo irraa eegamu ol`aanaa waan taheef gumaachi yaadaa fi beekumsaa nuti gumaachinu eegala dhuma hin qabneedha
Ijoon dubbii Obbo Ararsoo Biqiilaa godhan keessaa qabxiiwwan shan jala muruun barbaada. Nagaa Buusuuf Carraa Dhumaa Addi Bilisummaa Oromoo (ABO-SG), Amajjii 20, 2019 waraanii dhaabichaa kan gaara jiru hundaaf, bosoona keessa ba’ee akka galu jedhee waammicha gochuudhaan murtii dhaaba kara ifa ta’een keneera. Sagantaa gaafiif deebii Oromia Media Network (OMN) waaliin taasise kana irratti, waraanaaf ajaja ifaa ta’ee kennuu duwwaa osoo hin ta’in, dhaabni isaanii ejjennoo akkamii akka qabuu ibsaniiru. Ijoon dubbii Obbo Ararsoo Biqiilaa godhan keessaa qabxiiwwan shan jala muruun barbaada. 1. Tooftaa Qabsoo dhaaba isaanii ilaalchisee: ABO-SG Asmaraa irraa jalqabee karaa nagaa qofa qabsaa’uuf murtii goodhee akka lafa kaa’etti, boqonnaan qabsoo hidhannoo akka cufame keessa deddebi’anii ibsaniiru. Wallitti buu’iinsi ta’ee jirus Mootummaa Federaalaa Itiyoophiyaas ta’ee Motummaa Nannoo Oromiyaa wajin mariidhaan furmaata itti keennuudhaaf qophii akka ta’an mirkaneessanii himuun waada galaniiru. Kanaaf, amman duuba maqaa ABOn kan socho’uu qaamnii hidhatee hundi toftaa fi fedhii dhaabaa ala ta’eera jechuudha. 2. Waa’ee waraanii bosonaa ba’ee galuu ilaalchisee: Murtii waliigalaa Mootummaa Ityoophiyaa wajiin irra gahame murtii walii gala dhaabichaati. Gumiin Sabaa (Central Committee) ABO-SG Asmaraa irratti waliigalee, Shaneen Gumii (Executive Committee) Finfinnee erga gahee boodaa, itti dabalaan mirkaneese. Murtiin kunis waraanii kan Asmaraa tures, kan biyyaa keessa tures, mooraatti galee, leenjii argatee, waaan barbaachisuu osoo lafara hin harkisin yeroo gabaabaa keessatti hojiitti akka hiiku dha. Sababii adda addaan hojii irratti hin hikamin turuyyuu, ammas ta’ee hooggansi ABO-SG murtii isaa irra osoo hin gorin akka jiru Obbo Ararsaan jala muranii himaaniiru.
3. Ajaja “mooraatti galaa” jedhu san, karaa ifa ta’een dabarsuu ilalchisee: Akka I/A Hayyuu Duree ABO-SGtti kan isaan dubbatan murtii dhaabaa akka ta’e ibsaanii, ajaja ifaa ta’een waraanii bosona jiru akka bosonaa bahee, mooratti galee, leenjifamee, poolisii Oromiyaatti makaamee, diina kallatti afuriin daangaa cabsuudhaan, dhiiga lammii keenyaa dhangalasu akka faccisuun irra jiru, murtii dhaabaa kara ifaaf ifa ta’eetti ibsa kenanriiru. 4. Waraanni bosona keessa jiru ajaja hooggansa siyaasaa jala jiraachuu ilalchisee: Hooggansi siyaasaa dhaabichaa, ajajni fi qajeelfamnii inni waraanaaf kennu ni fudhatama jedhee abdata. Yoo waraanni ajaja fincilee kara ofi karoorfatee yoo adeemuu barbaadee garuu, hooggansi akka tarkaanfi isaa fudhatu himame. Akkas jechuun, amma murtiin dhaabichaa kara ifaa ta’een waan labsameef, waraannii bosona jiru yoo fudhatee hojii irra hin oolchin, waraana ABOtti jedhee of waamuu hin danda’u. Ummatni Oromoos fudhachuu hin qabu. 5. Himannaa mootummaa ABOn humnaan angoo irraa buusuu yaada jedhu ilaalchisee: ABO-SG yeroo ammaatti biyya bulchuudhaaf qophii hin qabu. Barcuuma aangoo yaabuufis fedhii hin qabu. Karooras lafa hin kawwanne. Filannoon yoo ta’e dhaabni ABO-SG yoo hin mo’atiniyyuu aangoo fudhachuuf jarjartii hin qabu. Fedhiin dhaabichaa angoo utuu hin ta’in bilisuumma, dagaagina jiruuf jireenyaa, akkasumas nageenyaa waara’aa ummata Oromoof argamsiisuudha. Isaan kun mirkanoofnaan, dhaabni ABO, kana caalaa hawwii hin qabu. ABOn ammuma barcumaa aangootiif adeema jedhan olola diinaati jedhaniiru. Ibsa kana, ummatini Oromoo, mootummaan Itiyoophiya, humnootnii mirga Oromoo mirkaneesuuf dhabatan hundi, miseensonnii fi degertootnii ABO-SG akka laayyooti ilaaluun hin tolu.
Itti dhimmamanii fudhachuu qabuun jedha. Sababiin isaas, nagaa itti fufiinsa qabu buussuuf, kanatu kara dha. Hunda dura, waraanni ABO-SG furtuun akka harkaa isaa jirtuu beekuun barbaachisa dha. Ummata Oromootiif jecha humni bosoona lixe, amman booda bosona taa’uu hin qabu. Waraanni amma bosona jiru, yoo dhugaadhan WBO ta’e, murtii dhaabaa fudhatee hatatamaan hoojjii irra oolchuun dirqama. Hooggansi ABO waraana tokkollee akka hin barbaanne karaa nama hin dogogorsineen, karaa ifaa ta’een ajaja dabarseera, miseensoonni WBOs akka bosonaa bahan waammicha godheera. Kun akka ta’uuf fedhii uummata Oromoo maraati. Waraanaa hidhaanoo adeemsisa bilisaan sibaasa human jedhu, Oromoon barbaaduu yeroo amma tasa hin argamu. Akkuma Obbo Araarsoon jedhaan, lola hidhannoo waggaa 150 booda, ummatnii bututeera. Oromoon amma nagaa barbaada. Kanaaf, ummatni WBOn murtii dhaaba isa hooggansaa dhaabaa irraa fudhatee, akka qaama polisii Oromiyaatti makamee qabsoo mirga uummata Oromoo eeguutti galuu qaba. Kun marii waan barbaachiisu miti. Waraana uummataa kan ta’e, fedhii ummataa kabajuu ala fillanoo hin qabu. As irratti Oromoon haleellaa itti agaamamu of irra qolachuuf hidhannoo barbaachisa kan jedhan jiru. Gaafiin hidhanoo gaaffii mirgaati. Oromoon qee’ee isaa, maatii isaa, qabeenya isaa tikfachuuf hidhaannoo dhuunfaa qabaachuun mirga, MNOs kana deggeruu qaba. Ummatni hidhachuu qaba jechuun garuu, dhaabni siyaasaa tokko milishiyaa mataa isaa biyya seera qabu kessatti qabaachuudhaaf mirgaa qaba jechuu miti. Waraanni qaama siyaasa dhunfaan hogganamuu jiraachuun seera miti, mirgaas miti. Kanumaan wal qabatee, waamicha Obbo Ararsoon maqaa dhaaba isaaniitiin godhan, hayyuu dureen dhaabichaa hin goone jechuudhaan olala nama burjaajessu gochuun fudhatama hin qabu.
I/A hayyuu dureen, murtii dhaabaa ifa godhaniiru. Kunis waliigaltee adda adda godhaame, waltajii adda adda irratis ifa waan ture dha. Kanaaf, hooggansi ABO-SG, murtii godhame irraa bahuu hin danda’u. Yoo waan akkasiitiin qaamni hooggansaa ABO-SG kessa as ba’e, ummatni Oromoo tokkoolee fudhachuu hin qabu. Murtiin ummatatii himame kun, dhugumaan kan dhaaba yoo ta’e, miseensoonii Gumii Sabaa fi Shanee Gumii, akkasumas yeroo dheeraaf hoggansa ABO kan turan, gadi bahanii ummatatti dhugaa himuuf dirqaama seenaan irra ka’eetu irra jira. Mootummaan Itiyoophiyaa furmaata barbaaduun itti gafatamaakootti jedhee yoo kan yaadu ta’e, yaada ABO-SG kara Obbo Araarsoo dhiheesse siranaan ilaalee fudhachuu qaba. Amma dhimmi waa’ee nagaa busuu, tasgabii deebisuuti, gama mootummatti ceeteetti. Motummanis gahee isaa akka bahu nan abdadha. Itti gaafatamni kan jiru Mootumaan Itoophiyaa, humna nagaadhaaf qophaa’e waan nageenyaa dubbatu irratti humna loltuu qabu hundaan itti bahee, injiifannoo waraanaa argachuufin deema jedhee sochii itti fufu hin qabu. Dhimma siyaasaa yoo adeemsisuuf ta’e malee waraanni nagaa itti fufiinsa qabu argaamsiisuuf hin danda’ee hin beeku. Kun beekamuu qaba. Ummatni Oromoo akkumma WBOn waraana irratti bobba’ee lammii homma hin ballesin balaadhaaf saaxiluu isaa akka hin jaallanne, mootummaanis yaada kana fakkatuun adeemuudhaan, nagaan akka boora’uu gochuu isaatti hin gammadu, bu’aa waan hin qabneef. Kanaaf, mootumman nagaa buusuuf jecha tarkaanfii hoggansi ABO-SG fudhate kanaaf deebii kennuu qaba. Kana dhugoomsuuf, 1. Dhukaasni hadhaabatu; 2. Sochiin waraanaa kan hojii idleef deemu illee yeeroof hadhaabatu; 3. Bakka humnii waraanaa ABO-SG leenjiif itti galu addaan baasee himuudhaan, guyyaan hidhaattooni hundi mooraatii deebi’an murteesee wammicha akka godhu; 4.
Bakka humnii waraanaa ABO-SG leenjiif itti galu addaan baasee himuudhaan, guyyaan hidhaattooni hundi mooraatii deebi’an murteesee wammicha akka godhu; 4. Hooggantoonnii fi miseesnsooni akkasumas deggertoonni ABO-SG hidhaman, haa hiikaman. Durumaa hidhaamuun isaanii sirrii hin turre. Bifa kamiinuu mootummaa jijiiramaatiif hidhaan sababii siyaasaaf taasifamu hin tolu. Furmaata argaamsiisuf gufu ta’uu malee bu’a qabatama hin qabu. Abbootiin Gadaa Oromiyaa torban kana dhaabilee siyyasaa Oromoo wallitti fiduuf beelalma qabatan, rakkoo amma jirtuu hikuufi iddoo ol aanaa kenuun, waliigalteen qaama lamaanii amma lafa jiru akka hojii irraa ooluu dirqisiisuun barbaachisaa dha. Rakkoon walii galtee dhabuu irraa hin maddine. Qaamni lamaanuu waliigaltee isaan akka kabajaan dubbataa ooluu. Rakkoon waliigaltee hojiitti hiikuu dha. Kanaafuu, Abbotiin Gadaa Oromomiya waraana amma deema jiru dhaabsisuuf duraan dursaa qaamnii lamaan kun waliigalteedhuma isaani akka hojjii irra olchaan “seera itti tumuu” qabu jedheen yaada. Hojii irra oolchuudhafis, qaama sadaafa ijaaranii, akka seera itti tumameeti dukaa bu’anii to’achuuf murtii kenuun waan hin oolee hata’u. Yoo kun hin taane, bilisummaa Oromoon qabsoodhan argatee mirkaneesuuf carraa seena qabeesa arganne nu harkaa baasuuf gochii ta’uu yoo itti fufe, ummatnii Oromoo haala tokkumma isaa jabeesuun murtii itti keenuuf kara injiifanoo arganne sanatti akka nu deebisu anii shakkii tokko hin qabu.
Afaan Oromoo Eessaa Karam? Marii dhimma dagaagina Afaan Oromoo Yuunvarsiitii Finfinnee keessatti har’a taasifameen Akkaadaamii Afaan Oromoo hundeessuun barbaachisaa ta’uun himame. Guyyaa har’aa (23/5/2011) Muummeen Afaan Oromoo Yuunvarsiitii Finfinnee marii hayyootaa qopheesse irratti Pirof. Makuraa Bulchaafi Dr. Kabbadaa Hordofaa “Afaan Oromoo: past, present & its Prospects” [Afaan Oromoo Kaleessaa, Har’aafi Borii] Mataduree jedhurratti Ibsa Ummataaf “public Lecture”, kennanii jiru. Kan dhiyaate waraqaa qorannoo lama yommuu ta’u, Isa jalqabaa Prof. Makuri’aa Bulchaatu, seenaa dagaagina Afaan Oromoofi Egereesaarratti dhiyeessan. Dr. Kabbadaa Hordofaa immoo waraqaa qorannoo lammataa keessatti dhimma waltina Afaan Oromoo xiyyeeffatan. Akka Prof. Makuriyaan jedhanitti, duulli Afaan Oromoo balleessuuf taasifamaa ture salphaa hinturre. Siyaasni Itoophiyaa durumaa kaasee Afaan Oromoo acuucuutti xiyyeeffachuu eeranii, sana gochuuf yeroo jalqabaaf seera kan tume garuu Mooticha Haayila Sillaaseeti jedhan. Heera biyyaa keessatti bara 1942 Afaan Amaaraan ala afaan kamillee biyyattii keessatti tajaajiluu akka hindandeenye godhame. Sunis Afaan saba guddaa kun akka quucaruuf waan akeekamedha. Ta’us Ummanni Oromoo afaan Afoolaan badhaadhe waan qabuuf dhiibbaa irra gahe kanaan Afaansaa hinliqimsamne. Akka Prof. Makuri’aan jedhanitti Afaanonni baay’een Addunyaarraa badaniiru. Osoo wareegamni qaqqaaliin itti itti hinkaffalamnee Afaan Oromoos akka baduuf itti duulame. Afaan kun akka afaan baadiyaa ta’etti fudhatamaas tureera. Seenaa dagaagina Afaan Oromoo jaarraa 19ffaa keessa jiru ibsanii, gumaacha hayyoota biyya keessaas ta’e kan biyya hambaa dubbatan. Sochii hundeeffama ABO boodas qabsoon Afaan Oromoo dagaagsuuf taasime salphaa akka hintaane dubbatan.
Afaanichaaf xiyyeeffannoo kenname keessaa muraasa yeroo ibsan, miseensa waraana ABO ta’uuf ulaagaan ture Afaan Oromoo barreessuufi dubbisuu danda’uu keessaa tokko ta’uu dubbatan. Kana malees, daa’imonni walitti qabamanii bosona Sudaan keessatti Afaan Oromoo barachaa akka turan suuraan deggaruun agarsiisan. Akka kanaan Afaan Oromoo danqaafi carraa adda addaa unachaa asga’uu himuun, sadarkaa ogbarruun Afaan Oromoo har’a irra jiru dinqisiifatan. Gara fuulduraattiAfaan Oromoo guddisuuf qabxiilee barbaachisanis lafa ka’anii jiru. 1. Akkaadaamii Afaan Oromoo hundeessuu 2. Sadarkaa Waaltina Afaan Oromoo gama hundaan cimsuu 3. Jornaalii Afaan Oromoo dhaabuu 4. Afaan Oromoo Afaan Waliigaltee magaalaalee Oromiyaa akka ta’u gochuudha. Gaaffii hirmaattota irraa madderrattis deebii kennanii turan. Sana keessaa tokko dhimma “Akkaadaamii Afaan Oromoo eenyuun hogganamuu qaba?”jedhu, muuxannoo biyyoota alaa kaasuun ibsanii jiru. Akka isaan jedhanitti, Akkaadaamiin Afaan Oromoo MNO jalatti kan bu’ureffamu ta’ee, hojjetoota dhaabbatoofi gorsitoota ofkeessaa qabaata. Bulchiinsi Akkaadaamichumaan kan kan qajeelfamu yommuu ta’u, mootummaan waan barbaachisu guuteefii to’ata malee siyaasni dhimma qorannoo Afaanii keessa hingalu. Mootummaan baajataafi wantoota barbaachisan kennuun deggaruu akka qabu eeranii, hayyoonni Akkaadaamii kana keessatti qorannoo adda addaa gochuun dhimma Afaan Oromoon walqabatu hunda murteessus jedhan. Waa’een Akkaadaamii Afaan Oromoo bu’uressuu kun gaaffii yeroo dheeraa akka ta’e kanaan dura maxxansaa turuunkoo niyaadatama. Mootummaa Naannoo Oromiyaafis xalayaa banaa barreessee fuuluma kanarratti maxxanseen ture. Hanga dhimmi kun hojiirra ooluttis ittuma deemna! Horaa Bulaa! Fedhasaa Taaddasaati. Finfinnee, Oromiyaa
DUULLI MINILIK UMMATA OROMOOTTI BAHE KAN GITAA MOO WEERARAA TI? Ebla 26, 2019 Abbaa Urjii tiin: Gaaffiin armaa olii baroota walakkaa jahaatamootaa Oromoota (sab-boonotaa fii qabsaawoota) fii, hortee nafxanyootaa (Amaara) jiddutti, biyyaa fii alattiis, atakaroo cimtuu turte. Maayyiirratti, Oromoota marsaalee qu’annaa fii dhaabota maqaa Xoophiyaa tiin dhaabbatan keeysaa, takkaa-lamaan yaaftee, bara 1976 keeysa, biyyatti Adda Bilisummaa Oromoo, Awrooppatti Tokkummaa Barattoota Oromoo Awrooppaa, Ameerikaa Kaabaatti Tokkummaa Oromoota Ameerikaa Bitaa dhaabbachiifte. Tarkaanfiin gaafas Oromoota jibiriin dammaqiinsa murannoo cimtuun dabaalamteen fudhatamte, suuta-suuta onnee xiqqaa fii guddaa sabaa fudhattee, wareegama qaaliin diinoota isii kan keeysaa fii alaa injifattee, arra, Oromiyaa hortee, hamma hafee fiif hiixachaa jirti. Oromoon kophaa jaaramee qabsaawuu wanni fide jibba Amaara ykn saba biraa waliin jiraachuu tii miti. Jaalala kophaa jiraachuu tiis miti. Tan bilisummaa irreen dhabe deeffachuu ti. Tan gabrummaa jalaa bahee, bilisa tahee, abbaa biyyummaa isaa mirkaneefatee, Oromiyaa bilisa taate keeysatti walabummaan jiraachuu ti. Hawaasni tokko kan humna irra qabuun weeraramee diina jalatti caphuun Oromoon hin jalqabamne. Roomaan Ingiliz weeraree, cabsee, kan dura dhaabbatu daamacee, amata dhibba afur gabrummaa isaa jalatti bulche. Minilikiis akkuma sanitti, ummata Oromoo kan heera Gadaa tiin wal bulchaa ture, duula baroota hedduu walitti dhaabbateen lubbuu toora 5,000,000-i gatee, cabsee, bulchiinsa isaa jala naqe. San boodaas, nafxanyoota keeysa qubachiisee, irratti muudee, warra itti fincilan hila malee adabuuf tuutaan hallayyatti haree, reeyfa karaa gubbatti rarraasee, dhiira harka ciree, dhalaa harma muree irratti if muude.
Akkasiin, lammii, “Walde-Gabreen Amaaraa kan mataa bututtuu Amaaraan gooftaa janna sakaraata lubbuu Abookaroo qubatee, Goondar miraaza saa tii Nu caph’nee kufnee, ol-qabaan gama saa tii” jachisiise. Duuba, namicha yakka armaa olii tii fii kanneen himanaaf coraa nama sookanneeysan Oromoorratti hojjate, dura taa’aan ODP/OPDO akka muudameen faarsutti seene. Gaafana, Oromoon dhagayee akka hin dhagayiniitti callise. Dhiifamaa waliin, “gaafa Sheekhni dhuufu darasaan ni albaati” ja’ama. Akkasiin, faaruun muudamarraa kaate itti fuftee, dheengadda, Ambotti, Aanolee lagachiise. Ergamaa Minilik, Goobanaa, faarsise. Sanirratti, laalcha seenaa tan hortee nafxanootaa waliin wal simachiisuuf, qabsoo diddaa weeraraa godhamte tan gitaa jachisiise. Hortee nafxanyootaa tii fii Amaarri kaaniis seenaa weerarama Oromoo haaluun sababa irraa maddu qaba. Isaan keeysaa angafni, seenaa biyyattii tan isaan baroota kumaan himatanii fii ittiin boonan waan duraa sheekkeeysuu fi. Kan lamadaa, hegeree biyyattii tii fii tan isaanii waan duraa dukkaneeysuu fi. Inni sadaffaa, gumaa Oromoon gaafachuuf jiraattu jalaa if dahuu fi. Duuba isaan kanaaf haa godhanii, ODP/OPDO-n hoo maalif hafarsitiif yo ja’ame, deebisaan, goolabbiitti, tuffii ummata Oromoo tiif qabani. Tuunni baroota 28-tiif Tigreef sujuudaa bahan, garaaf jecha lammii gataa, araraasaa turan, eega dhiiga qeeyroo tiin gimgamaan adda bahanii aangoo dhugaa helan, if irraanfatanii, odoo dhiiyni diinaa waliin dhagalaasaa bahan hin qoorin, malaaykummaa horanii, Rabbiin “Aboo!” jachaa jiran. Kan kana fide, hawaasni Oromoo kan xiiqii hin beeyne, kan dhiifamaaf arifatu, miidhaa irraan gayan liqimsee, akka ilmi irraa bade deebi’eefitti, qoma isaa waan benee fi.
Kan kana fide, hawaasni Oromoo kan xiiqii hin beeyne, kan dhiifamaaf arifatu, miidhaa irraan gayan liqimsee, akka ilmi irraa bade deebi’eefitti, qoma isaa waan benee fi. Jarri gadaa isaanii fixatan, aangoo yaroo gabaabduu keessatti a’oo seente mi’eeyfatanii, amaanaa ummanni “isinitti kennine” ja’uun qoosatti fudhatanii, baroota hedduu irra turuuf karoorfachaa jiru. Tarsiimoo kanaa tii fiis, Habashaa aadaa qubaan wal-bulchuu hin beeyne, tan dimokraasii fii feedraalizimiin dhugaa faallaa fedhii isaanii tahuu hubatan waliin surgisa shiraa hidhatanii, afaaniin Sheekh Husseen jechaa lukaan gama Gabreelii deemaa jiru. Akkuma lakkooysa ummataa kan yaroon isaa yaayyu tare dabarsanitti, xiqqo booda, filmaata afaaniin dhawwaaqaniis “irraanfadhaa” jachuun isaanii boru. Qeeyroo itti hin callisin! Oromiyaan Haa Bilisoomtu!
Biyya kan dabrerraa itti hin baratamne / ካለፈው መማር የማይቻልበት አገር Berhanu Hundee / ብርሃኑ ሁንዴ Mangistuu Hayilamaaram biyyattii tana dhiisee hanga deemutti humna bilisa baasotaa tuffachaa turee; boodarra garuu dhugaan lafarra jiru ittimul’annaan miila koo na baasi jedhee bade. jedhee tuffachaa fi arrabsaa, booddeen isaa baqattummaa ta’ee hafe. Mootummaan Hayila Sillaasee isa dura tures bilisa baastota fi qabsaa’ota “SHIFTOOTA” jedhee tuffachaa akka ture ni yaadatama. Karaa nagaatiin mariidhaan rakkoolee jiraniif furmaata barbaaduuf hojjechuu dhiisee; akka falaatti humnatti fayyadamun Mootummaa Mangistuu wanti innii argamsiise yoo jiraate, Eertiraan Itoophiyaarraa cituu fi dararama Wayyaaneen waggoota 27 uummatarraan gahaa turtee dha. Wayyaaneenis dabaree ishii eeggattee, boodarra sochii uummata Oromootiin gara Maqaleetti gaggeeffamte. Kan nama gaddisiisu, Mootummootni Itoophiyaa dhufaa dabran hunduu seenaa dabrerraa barachuu dadhabuu isaanii ti. Kan sochii uummata Oromoo fi qabsoo hadhooftuu Qeerroo Oromootiin aangootti dhufe Mootummaan Abiyyi Ahimadis kan dabrerraa waan barate hin fakkaatu. Seenaan irra deebi’ama akkuma jedhamu, kunoo Mootummaa amma jiru kana jalattis miseensota WBOtiin “Shiftaa Shanee” jechuun waan calqabame fakkaata. Kan nama dinqu, ABOn Shanee jedhamee yaamamu, hogganni isaa ani hidhataa bosona keessaa hin qabu jedhee ibsee osoo jiruu, Shanee wanti jedhamu kun ammas akka maqa-ibsituutti (maq-mul’istuutti) ittifayyadamuun namaaf hin galu. Waanuma ta’eefuu, rakkoolee karaa nagaatiin furuu dhiisanii humna qawweetti fayyadamuun furmaata xumuraa akka hin fidne hubachuun baay’ee barbaachisaa dha. Yoo kun ta’uu baate, kisaaraan booddee kan eenyuu akka ta’u hubachuun nama hin rakkisu.
Yoo kun ta’uu baate, kisaaraan booddee kan eenyuu akka ta’u hubachuun nama hin rakkisu. =================================================================== መንግስቱ ኃ/ማሪያም አገሪቷን ለቆ እስከወጣበት ጊዜ ድረስ የነፃነት ታጋዮችን ጉልበትና ኃይል ሲንቅ ቆይቶ፣ መጨረሻ ላይ ግን መሬት ላይ ያለው እውነታ ሲታየው እግሬ አውጣኝ ብሎ ፈረጠጠ። እያላ ስያንቋሽሽና ሲሳደብ መጨረሻው ስደት ሆኖ ቀረ። ከሱ በፊት የነበረው የኃ/ስላሴ መንግስትም የነፃነት ታጋዮችን ሽፍታዎች አያለ ስያንቋሽሽ እንደነበረ የሚታወስ ነው። በሰላማዊ መንገድና ድርድር ችገሮችን በጋራ ለመፍታት ከመስራት ይልቅ ኃይልን እንደ ብቸኛ መሳሪያ ሲጠቀም የቆየ የመንግስቱ አገዛዝ ያተረፈው ቢኖር የኤርትራ መገነጠልና የወያኔዎች የ 27 ዓመታት ግፍ ነው። ወያኔም በተራው ተመሳሳይ ድርጊት ሲያካሄድ ቆይቶ በስተመጨረሻ በኦሮሞ ሕዝብ መራራ ትግል ወደ መቀሌ ተሸኘ። የሚያሳዝነው የሚመጡና የሚሄዱት የኢትዮጵያ መንግስታት ሁሉ ከላፈው ታሪክ መማር አለመቻላቸው ነው። በኦሮሞ ሕዝባዊ እንቅስቃሴና በቄሮ ኦሮሞ መራራ ትግል ወደ ስልጣን የመጣው የአብይ አህመድ መንግስትም ካለፈው የተማረ አይመስልም። ታሪክ ይደገማል እንደሚባለው፣ ይኸው በዚህ መንግስት ስርም የኦሮሞ ነፃ አውጪ ታጋዮችን (WBOን) “የሸኔ ሽፍታ” እያሉ ማንቋሽሽ የጀመሩ ይመስላል። ለመሆኑ ሸኔ ተብሎ የሚጠራው የኦነግ አመራር እኔ የታጠቀ ኃይል በጫካም ሆነ ሌላ ቦታ የለኝም እያለ መግለጫ ሲሰጥ፣ ሸኔ የሚለው ለምን እንደ ቅፅል አንደሚጠቀም አይገባም። ለማንኛውም፣ ችግሮችን በሰላማዊ መንገድ ከመፍታት ይልቅ በመሳሪያ ኃይል መጠቀም የመጨረሻ መፍትሄ እንደማያመጣ መረዳትና መገንዘብ በጣም አስፈላጊ ነው። ይህ ካልሆነ መጨረሻ ላይ ኪሳራው የማን እንደሚሆን ለመገመት ኣያዳግትም።
Uummanni Oromoo kan du’aa fi hidhamaa jiruuf wantoota torbaafi: Yaadachiisa: Oromoota Hundaaf! *************************************** Uummanni Oromoo kan du’aa fi hidhamaa jiruuf wantoota torbaafi: 1. Oromoon biyya isaa irratti ( Finfinne fi magaalota Oromiyaa keessa jiran hundumaa dabalatee) abbaa biyyaa ta’ee ofiin of buluchuu fi bittaa alagaa jalaa bahuudhaafi. 2. . Qabeenya isaa, lafa isaa dabalatee, gulummeeffachuu fi lafa haga ammaa hatameef qabeenya haga ammaa saamame deebifachuudhaafi. 3. Afaan Oromoo afaan hajjaa federaalaa ta’ee sadarkaa naannootittis ta’ee, sadarkaa biyyoolessaatitti afaan ofiiti fi ijjoollee isaatiin buluudhaafi. 4. Sirni fi seerri sadarkaa Oromiyaatii fi biyyoolessaatitti ijaaramu kan Oromoodhaan ijaaramuu fi, kan Oromoodhaan gaggeeffamuu fi, kan Oromoo fayyadu akka ta’u godhuu fi. (Kanaan booda, Oromoon aangoon kan alagaadhaan kennamuuf otoo hintaane burqaa aangoo ta’ee kan alagaadhaafuu aangoo hiru ta’uu qaba.) 5. Mirgoota eenyummaa saboota biroo kan biyya san keessa jiran kabachiisu fi isaanis dhugaadhaan hiriirsuu kan danda’u Oromoo ta’uu hubatee, sirna federaalaawaa kan dhugaa biyya san keesatti ijaaruudhaafi. 6. Yoo sirna federaalaa kan dhugaa ijaarree walfaana jiraachuudhaaf sabni kuun hawwii fi fedhii kan hin qabne ta’e, mirga hiree ofii ofiin murteeffachuu Oromoo kabachisuudhaafi. 7. Hidhamtoonni siyaasaa hundi hatattamaan akka hiikaman, Oromoota gara-jabeenyaan ajjeefamaniif gumaan bahee, warri ajjeechaa san raawwatan seerattii akka dhihaatan taasisuufi. Warri akka dhaabaatittis ta’ee akka dhuunfaatitti warraaqxan wanni hojjettanii fi wanni jettan kaayyoowwan kana bakkaan gahuuf akka ta’e hin dagatiinaa!
Warri akka dhaabaatittis ta’ee akka dhuunfaatitti warraaqxan wanni hojjettanii fi wanni jettan kaayyoowwan kana bakkaan gahuuf akka ta’e hin dagatiinaa! #OromoProtests #EthiopiaProtests #AmharaProtests
Warri shanee ammoo Jawar fi OMN dhabamsiifnu malee jedhanii marxifatanii jiran… Xalayaa Miseensa Board OMN duraanii irraa ergamte. Maqaan isaa akka hin dhayamne hadaraa waan dhaameef waadaa guutuuf jecha maqaa isaa keessaa hambisee jira (Babsa Tula) Xalayichi kunoo! Dhimma OMN irratti waan OSA irratti dhihaate dhaggeeffadheen jira. Qeeqni OMN irratti dhihaatu yeroo hedduu warra keessa hin beekne irraayi. Amma garuu miseensota gameeyyii Boordii keessa turan lama irraa dhalaaye. Kanaafuu kan amma duraa irra ulfina qaba.Anis miseensa boordiitin tura. Gaafa OMN dura dhaabbatu 2014 filameetin tarmii tokko fixee bara 2016 keessaa bahee nama birootin bakke buufame. Kanaafuu akka nama keessa beekuu tokkotti dhimmoota walgahii OSA irratti dhihaatan muraasa laalchisee yaadan yaada kenneechuun barbaada. Diversity Dhaabni Oromoon qabdu Oromoota gola hundaa qabaachuun gaariidha. Boordii OMN keessa hanqinni dubartootaa ture ammas jiraachuun ifa. Garuu kana sirreessuun hojii boordii ture. Boordiin koreelee ( committee) garagraaa qaba. Koree kana keessaa tokko koree kaadhimatoota boordii dhiheessuudhha ( steering committee). Koore kana dura bu’ummaan kan hogganaa ture Professor Mahamad Hassan ture. Boordiin OMN waggaa lama lamaan akka filamuu qabu bylaw ni ajaja. Akkuma jaaramaya kamiituu boordii OMN kan duraa joollee bu’uressitetu ramade. Boordiin sun naannawaafi amantiis sirritti bakka buuse. Dubartoonni 3 turan. Boordii itti aanu koree Dr Muhammad hogganantu chaaaptaroota gargaarsaa OMN qunnamee nomination fudhatee nuuf dhieesse. Kanaaf miseensota boordii bara dabre filaman keessa hanqinni diversity yoo jiraate, laafina koree filachiiftuuti. Kanumaan walqabatee yeroo tokko gaazexeessitoonni OMN diversity hin qaban komiin jettu kaatee irratti haasoynee turre. Gaafas warri koree hoji raaw’achiiftuu dhihaatanii akka irratti dalagan waadaa seenanii turan.
Akkan amma argutti hamma tokko milkaayanii jiran. Gaafa eegalamu dubartiin takka turte amma hedduun arkutti jira. Dr Asfaw dhimma diversity kana kaasuun na ajaa’ibe. Gaafa tokko miseensi boordii dhimma akana kaafnaan warra ‘OMN paarlaamaa mit’ jedheen keessaa tokko Dr Asfaw akka turan yaadadha. Dhimma Jawar Shorri Jawar OMN keessatti qabu gaafuma jalqabaatii jira. Kun ammoo amala mucaatifi amala ummata keenya biyya alaatirraa madda. Dr Mahammad waa’ee OMN nama tokkorratti hirkachuun rakkoo akka qabdu dubbate sun dhugadha. Garuu dhugaa tana warri dura hubate keessaa tokko Jawar akka ta’e ragaa bahuun fedha. Gaafa OMN dhaabee gara New York deebi’e maalif deemte j’eetin gaafadhe. Yoon ture OMN narratti hirkata. Kanaaf if danda’ee akka deemu alaa gargaarsa godhuun qaba nan jedhe. Amni naaf hin liqifmane garuu inni murtiin isaa cimtuu turte. Gaafa deebifnee director godhuuf yaamne xalayaa page 7 qabdu barreesse nuuf ergee ture. Achi keessatti karooraa galiifi hojii dhawaataan OMN hirkattummaa Jawar irraa bilisa itti bahu bal’isee barreessuu isaa niin yaadadha. OMN kana Jawar irraa adda baasuu kan fedhu garee lamatu ture. Kan duraa warra OMN isarratti hikachuun gaarii miti, yoo inni waa tahe hoo jedhu. Kaan ammoo warra siyaasaa Jawar jibbuudha. Gaafa Girmaan wagga tokkoof tajaajilee director lammataa barbaannu beeksisa baafne. Yoon sirritti yaadadhe candidate 4 dhihaatan. Tokko Jawar ture. Innis miseensota boordiifi koree hoji raaw’achiiftutu isa kaadhime. Namni sadi kan biraa ni dhihaatan. Yeroo jara afran keessa filannaa goonu miseensonni boordii tokko tokko bilbilanii lobby godhaa turan. Wannin gaafas hubadhe, jarri sadeen san miseensa/ deeggartoota jaarmaya siyaasaa tokko akka turaniidha. Dhumarratti falmii sa’aa dheeraa booda Jawar akka director ta’u sagalee guutuun filanne.
Garuu akka seeraatti koreen hoji raaw’achiituu waggaa 2 kan tajaajiltu ta’us kan Jawar waggaa 1 qofatti akka dhaabbatu godhame. osoo san fudhachuu baannee warri isa mormu isa directarummaa isaa hin fudhatan ture. Wannin jechuu fedhe, akka inni hojii tanattti hin ramadamne miseensonni yaala turan akka jiran yaadachiisuufi. ergan boordii keessaa bahee miseensota hafan tokko tokkorraa akkan dhagahutti yaalin Jawar OMN keessaa baasuu itti fufe. Garuu miseensonni hedduun yaada san hin fudhanne. Warri isa baasuu barbaadu sagalee minority ta’an. Kanaafu miseensonni boordii namni lama gadi dhiisuu filatan. Dhimma Finance Yaadni OMN ummata irratti hirkatuu irraa if danda’uu qaba jedhu gaafuma duraa irraa eegale. Xalaya fuula 7 dhiheesse irratti Jawar dhimma kana barreesse ture. Waggoota sadan itti aanan keessatti yoo xiqqaate galiin OMN 30% grant fi sponsorship irraa akka dhufuuf karoorfachuu isaanii niin yaadadha. San bakkaan gahameefi dadhabamee quba hin qabu. Wanni ani yaadadhu garuu yero tokko galiin OMN hedduu waan gadi bu’eef boordin koree finance OMN guddiftu dhaabdee turte. Koree kana keessa Dr Asfaw faatu ture. Koreen sun osoo humaa hin hojjatin achumaan diigamte. Kan finance kanaan walqabatee wanni dhihaatu tokko akka waan Jawar maallaqa OMN harkatti galfateeti. Kuni soba. Maallaqa OMN kan too’atu treasurer fi koree audit boordiiti. Treasurer gaafa duraa Rammi turete. itti aansee Abbi Itichaati. Amma Najjat Hamzaati. Treasurer hundi miseeonsota boordiiti ( non voting member). Boordin ammas koree auditi qabdi. gaafan ani ture Kitaabaa Magarsaafi Dr Damisso faatu keessa ture. Baasiifi galii OMN jaratu ilaalee gara external auditor dabarsa. Haala maallaqni walitti qabauraatti chapter naannoo kiyyatirraa wannin beeku jira. Warri chapter qophii qopheessanii maallaqa walitti qaban san direct gara baankii OMN galchu.
Warri chapter qophii qopheessanii maallaqa walitti qaban san direct gara baankii OMN galchu. Treasurer OMN akkuma maallaqni galeen xalayaa galataafi receipt warra chapter saniif ergiti. Shoorri Jawar walgahii sanirratti argamee ummata mirqaansuudha. Dhumarratti wannin jechuu fedhi, waldhibdeen amma jirtu kan haala hojii keessaa OMN natti hin fakkatu. Murna siyaasaa tokkoo fi Jawartu waldura dhaabbatee jira. Miseensonni boordii bahanii OSA irratti dhiheessanis hojii murnaati geggeessaa jiran natti fakkata. Maalif yoo jettan waan amma dubbatan kana hedduu gaafa keessa jiran ofiifuu mormaa turan. yaa’ii tana nurraa dhaabuu kan danda’u silaa Jawar fi murna ABO shaneeti. Jawaris mataa jabaata. Warri shanee ammoo Jawar fi OMN dhabasiifnu malee jedhanii marxifatanii jiran. Jawaris morka seene, mangoddoon ABO tunis gadaan isaanii dabruu waan hubatan hin fakkaatu. Waa hundaafuu ani adeemsa siyaasaa Jawar fi akkaata inni itti dalagu isattis boordittis himaan ture. Garuu OMN akk nu feenuttis hogganuu baatu akka ofii beekutti hogganuun guddina namuu waakkachuu hin dandeenye nu agarsiisee jira. OMN miidiyaa keenya, jaarmaya qabsoo keessa kan hojii qabatamaa nu agarsiisaa jiru kanuma qofa. Kanaaf rakkoolee jiran furuuf yaalaa deeggarsi miidiyaa kanaaf qabnu jaran akka jabaatun dhaama.
Moo lakkoofsi sun duraanuu kan kijibaati?
Jawwar Mohammed irraa “WAAMICHA” 1) Mootummaa naannoo Oromiyaatiif:- Akkuma waliinuu argaa jirru weerarri daangaa keenya irratti bifa haarayaan baname Godinoota shananuu waliin gahuun lubbuu saba keenya hedduu galafataa jira. Ummanniifi poolisonni daangaa irra jiran weerara kana ofirraa faccisuun tattaaffii cimaa godhaa jiran. Dhimmi kun garuu kan warra daangaa irra jiran qofarratti ilaalamuu qabu osoo hin taane kan ummanni bal’aan dirmachuufii qabuudha. Dirmachuun kunis Oromiyaa guututti mormii gochuun Abdi Ileefi warra isa duubaan isa bobbaasu akka morminu agarsiisuudha. Mormiin kun har’a Baha Oromiyaatti eegalee jira. Guyyootta itti aananitti magaalota biroo keessattis itti fufa jedhamee eeggama. Kanuma beekuudhaan mootummaan naannoo Oromiyaas mormiin kun bifa tasgabbaayeefi nagayaatiin akka raaw’atuuf qaamolee bulchiinsaafi nageenyaatiif qajeelfama barbaachisaa dabarsuu qaba. 2) Qeerroo Oromootiif:-Gaaga’ama ummanni keenya daangarraa jiru keessa seenee waliinuu argaa garaan nu gubataa jira. Hedduun keessan gara daangaatti dirmachuun falmaa keessa jirtan. Warri haftan bakkuma jirtanii qabsoo deeggarsaa gochuuf qophaayaa akka jirtan hubanna. Mormiin amma Baha Oromiyaatii eegalee jira. Guyyoota itti aananitti guutuu biyyaattii itti fufa jedhama. Mormiin kun akeeka yaadameef akka galmaan gahuuf hoggansiifi qindeessummaan Qeerroo murteessaadha. Ummanni keenya naamusaafi tokkummaadhaan mormii isaa dhageessisuu qaba. Akkuma amma dura walgorfachaa turre qabsoo keessatti naamusni bu’ara injifannooti. Naamusa malee injifannoon hin jiru. Kanaafuu namaafi qabeenya irra miidhaan akka hin geenye of eeggannoo barbaachisa. Keessattu Wayyaaneen jeequmsa uumuun saba biraatin walitti isin buuftee qabsoo maqaa xureessuu waan feetuuf qabeenyis ta’ee nageenyi saba Soomalees ta’ee kan biroo akka hin tuqamne isin gorfanna.
Keessattu Wayyaaneen jeequmsa uumuun saba biraatin walitti isin buuftee qabsoo maqaa xureessuu waan feetuuf qabeenyis ta’ee nageenyi saba Soomalees ta’ee kan biroo akka hin tuqamne isin gorfanna. Poolisiin Oromiyaa daangaa irraa ummata keenyaan waliin falmaa jira. Walakkaa biyyaattis tumsa akkasiitu barbaachisa. kanaafuu walitti hin bu’inaa. 3) Poolisii Oromiyaatif:- Miseeonsonni Poolisii Oromiyaa lola daangaa irraan ummata keenyatti baname ittisuuf Qeerroofi ummata waliin falmaa cimaa keessa jiran. Hedduun isaan lola kana irratti gootummaadhaan hoggansa kennuun wareegamanii jiran. Hedduunis madaayanii jiran. Kun seenaa hin irraanftamneedha. Seenaa keenya keessatti yeroo duraatiif ta’uu isaati. galatoomaa jenna. Amma poolisiifi ummata daangaa irraa falmaa jiruuf tumsuuf jecha mormiin nagayaa Oromiyaa guututti akka godhamu eeggama. Mormiin kunis har’a baha Oromiyaatti eegalee jira. Mormiin kun bifa nagayaafi tasgabbii qabuun akka raaw’atamu shoorri poolisii ol’aanaadha. Kanaafuu Qeerroon waliigaluun walitti bu’iinsi akka hin uumamanetti mirga ummataa kabajaa nagayas akka eegsiftan isinitti dhaamna. Dhugaa qabna Tokkummaan qabsoofna Tarsiimoon masakamna Ni injifanna! !”
Gaaddidduu Jiraachisuun Abbaa Jiraachisuu dha. Onkololeessa 21, 2017 Abbaa Urjii tiin: Dhiheenya kana, qilleensi Oromiyaa milkiilee injifannoo walitti dhaabaniin misiraachoo bilisummaa bubbisaa jira. Kuni, umriin Wayyaanee fii dargaa isii gabaabbachaa dhufuu labsa. Haalli kuni, haala mootummaan Hayle Sillaasee dhuma bara 1974 keessa limtee fii kan tan Dargiin bara 1990 irraa kaasee keessa lixxeen wal fakkaata. Yaroo sanitti, lachuu, waa hunda caalaa wanni barbaadaan hara-galfii arkachuu dha ture. Garuu, qabsoon diddaa bulchiinsa isaanii irratti godhamaa turte waan fedhan laachuuf dhabdee, inumaa, daran itti hafarfamuun onnee hafuura barbaaddu waakkatee, du’a isaanii saffise. Haala Dargii kan gaafa sakaraataa san Wayyaaneen sirritti beeyti. Yaroon, yaroo haala Oromiyaa keessa itti seenuuf mala dhawachaa turte. Dukkana itti deemaa jirtuuf if qopheeysuuf, maloota hedduu tarrifte. Isaan keessaa tokko ummata Oromiyaa tiif dhaaba gaaddidduu (OPDO) gurmeeysuu dha. San booda, odoo hin turin, Gaaddidduun meeshaa yaroof dhimma itti baatu qofa tahuu abdachiisuun, warra wal’aansoo bilisummaa tiif qabsaawaa turan if waliin Shaggar nayxe. Yaroo kana gootu, qabsaawota kana isaan malee ijaa fii gurra akka hin qabnee fii hayyoonni biyyichaa isaan qofa taachaa, hamma gariin if shakkan, garii niis dhugatti fudhatanii hamma mahandisa (architect) Mootummaa Ceehumsaa ti ifiin ja’an takka, gurraan duuchaa turte. Aangoo akkaasiin qabatte, haalaa fii yaroo waliin tooftaa fii tarsiimoo isaa jijijjiirraa hamma yoonaa geeyse. Baroota dila aangoorra jirtu kana, qarooma aangoo horsiiserratti caalaa dabalachuun isii nama hin mamsiisu. Dimshaashatti, Wayyaaneen, aangoo qabachuu fii hamma yoonaa irra turuurratti, dhibdeelee ammaa-amma itti dhalataniif tooftaa irra aansu yaroo fudhattu, ija cufaan odoo hin taane – xiinxala cimaan; yaada isii qofaan odoo hin taane – kan warra akka isii gorsaniif ifiin naanneeysiteen tahuun gabaasaa warra isitti dhihaatanii ti.
Tooftaa Wayyaanee aangorra tursiise keessaa tokko dhaabota Gaaddidduu godhatte dhiheenyatti tooyachuu fii miseensota naaduraan hordofaa amma-amma gamaaggamuu dha. Haala kanaan, warra sadarkaa hoogganummaa Gaaddidduuleetti ol baaftu mara akka ilmaan isii beeytutti beeyti yo ja’ame dhaadheeysaa hin tahu. Akki kuni, hunda daran, kan Oromoo irratti akka cimuus shakkiin hin jirtu. Haalli Oromoo murteeysaa jireenya isii waan taheef, warra caasaa Gaaddidduu keessa jiraniin alattiis, Oromoota biyyaa fii ala jiran ija dooyyoo (spy agent) hedduu tiin tooyachaa as geeyse. Odoo akka ammaatti, saree masgiida seente hin tahin duratti, gunaa dachii fii lafa manaa tiin maadhee bakka-bakkatti dhaabbatteen, hawaasa biyya alaa keessa loohuuf ijibbaanni goote gudda. Ijibbaata kana akka milkeeysaniif hoogganoota Gaaddidduu bifaa fii sammuu bareechitee yaro-yaroon keessa bobbaasaa baate. Duuba, arra, caasaa fii maadheen aangoo abadiif biyya keessaa fii alatti jaaraa baate, akkaataa isiin hin eeginii fii itti hin qophaawiniin, fiixeensa aduun itti baate tahee, tabaroon akka shaamaatti harkaa baqaa jira. Haala akkanaa keessatti, warri akka isii, haxxeen, wanni godhan maloota hanga ammaa dhimma itti bahaa bahan, kan qaroon hanqatee doofaan itti dammaqe gatanii, tooftaa haarayaan dhufuu qofa. Wanni amma Oromiyaa keessaa dhawwaaqaa jiru mala haalli kuni dhalch. Arra, warra ajaja isii gaaffii takka malee waggoota dila kana hujiirra oolchaa bahee tu; warra gabrummaa, ajjeechaa, araraafamaa fii gudeedama lammii tiif riqicha tahaa fii turee tu, ummata Oromoo tiif anaannatoo tahee as bahe. Nama waggoota soddoomii oliif boojihamaa isaanii tahee tu, akka waan amma hirriibaa dammaqetti, “waan ummanni kiyyaa fii dhaabni kiyya salphatee fiin aangoo gadi lakkise,” kan ja’u tahe.
Mee kan ummataa haa hafuu, kan aangoo tiis haa itti fakkeeyfamuu, kan dhaabaa ammoo, waan takkaa kan isaa hin turin, kan abbaa qabuun kiyya jachuun isaa safuu miti? Kuni tooftaa haaraya isaa fii dhaabni inni kiyya ja’uun hawaasa Oromoo waliin hidhata haaraya akka uummataniif karoorfame. Karoora kana hujiirra oolchuuf, Gaddidduun, akkuma baroota dila kana godhaa bahanitti, waan abbaan qu’achiisee fii itti fakkeeyse, dooyaa fii TV haala kanaaf qopheeyseef irratti bahanii dhawwaqu. Lammii dhaan, arra nuu tu isiniif anaannataa, isin, “maalo! hiriira fincilaa dhaabaa,” ja’anii hujii isaanii tan diina jalatti lammii tasgabbeeysuu bakkaan gayaa jiru. Akka waan lammiin isaan deeggaraa turetti, isaanirrattiis irkachaa beheettii, qaanii malee, afaan guutuun, TV-rratti, “ummanni Oromoo ammallee dhaaba kanarraa abdii hin kutanne,” ja’anii dhawwaaqu. Kuni, qabsoo ummanni Oromoo gadhaa jirutti qoosuu dha. Dammaqiinsa, qaroomaa fii murannoo ummanni bilisummaaf horan tuffachuu dha. Warri kuni, zaliilaa ummanni Oromiyaa keessa jiru arkaa hin jiran. Lammii mirga isaanii waan falmataniif kumaatamaan mana hidhaa keessatti cafaqamaa jiran quba hin qaban. Ummata gooftaan isaanii karaa Abdi Illee tiin handuuraa isaaniirraa buqqaaseef onneen hin butamne. Barattoonni Oromoo kofa Abdi Illee jala seenuu diddaaf waywaanni godhaa jiran dhimma isaan laaluu miti. Kan isaan hiirriba dhoorkaa jiru, haala fincila diddaa gabrummaa kan sammuu gooftaa bowwaasaa jiru irraa itti dhaaban qofa. Kanaaf, walgayii walitti dhaabbatteen, ummata hujii waakkataa jiru. Kana godhuun isaanii yo abbaan jiraate qofa gaaddidduun jiraattii waan gooftaan irra daddeebi’ee hubachiisuu fi. Haalli Gaaddidduu kan ammaa kuni, guututtillee tahu baatu, haala gaafa Wayyaneen Qinjjitiin moohamte booda isaan qabaachifteen wal fakkii qaba.
Haalli Gaaddidduu kan ammaa kuni, guututtillee tahu baatu, haala gaafa Wayyaneen Qinjjitiin moohamte booda isaan qabaachifteen wal fakkii qaba. Jarri gaafas filmaataan moohamuu akka ajaa’ibaatti fudhatan. Akkuma laalcha Wayyaanee kan gaafasiitti, Oromoo fii Amaarri yoomiyyuu diina. Kanaaf, filmaata godhame keessatti goobaan galuun waan if amansiisani. Garuu, bu’aan filmaataa faallaa tilmaama isaanii tahee arkame. Akki san baaraga keessa naqe. Sanirraa ka’uun, dabballoota Gaaddidduu kanneen ummata Oromoo akka diinaatti akka tooytan leenjisaa bahan, filmaata booda, hanga ummanni jara shakku takka, fuula jijjiirrachiisan. Namni umriin lafa bulee haala san daawwate kanaaf ragaa ni bahu. Ammaas, haaluma saniin, jarummaan ji’oota jibir dura, tarrisni qubee afaan Oromoo iaan duubatti karoorfame, diddaa saniif horaniif, ummata Oromoo ija diimtuu agarsiisaa bahan, lafumaa ka’anii, gooftatti fincilanii, sab-boonota tahanii as bahuun, yo tooftaa Wayyaanee hin taane, raajii dha. Ee! dhaaba Gaaddidduu keessaa, dhalootarraa hamma ammaatti, dabballeerraa hamma hoogganaatti, sababaa adda-addaa tiin warri keessaa bahanii saba gananitti deebi’an takkaa dhabamanii hin beekan. Sabni niis warreen akkanaa yaruma hundaa qoma banatee simachuu hin dhiifne. Yaroo diinni injifatamaa dhufu jaleen duuyda itti garagalan heddommaachaa akka dhufan seenaan mirkaneessitu heddu. Ummataa fii qabsaawonni haala akkasii kan kaluu jiruuf if qopheessuu qabu. Hangasuu garuu, warra diinni afaan mimmi’eessee isa dura kayaa jiruun odoo hin sobamnee fii hin jeeqamne, gaaddidduu jiraachisuun abbaa jiraachisuu tahuu hubachuun, qabsoo hamma bilisummaa dhugaatti finiinsuu qabu. Oromiyaan Ni bilsoomti! abbaaurjii@gmail.com
Abbootiin Irree Maaliif Salphina Eeggatu? Idaamiin Daadaa,Mahaammad Gaadaafii, Hayilasillaasee, Kol. Mangistuu H/Maariyaam,Saadaam Huseen,RooBarti Gaabreel Mugaabee, Wayyaanee… // Baarentuu Gadaa Irraa………./// Dubbiftoota! Mee abbootiin irree humnaan aangoo qabatan maaf aangoo humnaan qabatan sanarraa bu’uu didu..? maaf salphina eeggatu..? jedhamtanii odoo gaafatamatanii deebiin keessan maali? Abdiin qaba baayyeen keessan akka sababaa adda addaa tarreessitanii fi kanaa fi sana jettan. Eeyyee namuu sababa adda addaa danuu tarreessuu danada’a. Sabani kunis walfakkaachuu baachuu mala! Dhugaan lafa kanarra jiruu fi irra jiraan namaa irratti walii galu, kan seenaan abbootii irree ka’anii kufanii argisiisu garuu tokkoo fi tokko qofa!!! Tibba kana yoo waraanni biyya Zunbaabee abbaa irree pireezidaantii biyya sanii ta’uun nama waggoota 37 oliif aangoo hunda humnaan sassaabbatee irra ciisaa ture fonqolchu dhageenyee agarreerra. Namni kun aangoo biyyattii hunda harka isaa fi haadha warraa akkasumas maatii isaa galchuun maal akka uummata Zunbaabee godhaa tures namni quba hinqabne hin jiru. Eeyyee waraanni biyyattii karaa dubbi himaa isaa teeleeviziyoonitti bahee Mugaabeen mana isaa keessatti hidhamuu ykn uugguramuu warra isa marsanii biyyattii dhiiga xuuxaa turan garuu seeratti dhihaachaa akka jiran ibseera. Waraanni biyyattii aangoo biyyattii Mugaabeen irratti tortore tasa osoo Mugaabeen hin beekiin qindaayee irraa buuse kun fakkeessiif amma Mugaabeen nagahumaan mana isaa keessa jira jedhee haa hololu malee akka xinxaltoonni jedhanitti dhugaan biyyattii keessa jiru Mugaabeenis akkuma abbootii irree kaanii yakka raawwateef kan harka isaa argachuuf akka jiru ifaadha! Dubbiftoota! Mee guyyootuma ykn yeroodhuma gabaabduu dura waayee Zunbaabee fi Roobarti Gaabreel Mugaabee duubatti deebi’aatii xiinxalaa ykn ilaalaa.
Namni Roobarti Gaabreel Mugaabee jedhamu kan waggaa 37 oliif aangoo biyyattii hunda humnaan dhuunfatee biyya Zumbaabee jedhamtu bitaa ture kun aangoo irra ture kanatti quufuu dhadhabee yoo inni kan dhufuuf of qopheessu argaa fi dhagahaa turre. Namni kun nama humriin isaa 93 olii ta’uu caalaayyuu dullumarraa kan ka’e nama bakka dhaqetti dhaabbachuu dadhabee kirkiruu, bakka taa’eetti muguu, haaswa dadhabee afaan wal dhahuu ture. Abbaan irree kun osoo haala kanan jiruu waggoota itti aananiifillee aangoof of qopheessaa, darbees isa booda haadha warraa isaa Girees Mugaabee dhaalchisuuf qopheessaa ture. Eeyyee jaarsi waggaa 94tti hiiqu kun mormitoota isaa mara akkuma wayyaaneen impaayeera Itiyoophiyaa keessatti godhaa jirtu kaan hidhee kaan ajjeesaa, kana ammo horiin bitaa ture, akka fakkeenyaatti namoota paartii mormituu hoganaan keessaa kan miidhaan guddaan nirra gahaa ture Shaangiraayi namani quba hin qabne hin jiru. Mugaabeen akkuma wayyaanee uummata Oromoo fixaa jirtuu warra isa waliin qabsaawanii fi hojjetanifillee nama tolee miti. Akkuma yaadatamu itti aantu isaa waggaa dheeraa waliin hojjete waggaa muraasa dura “haadha warraa koo ija gaariin hin ilaatu” jedhee aangorraa hari’eera. Qabsaawaa bara dheeraa kan dubartii kana bakka bu’uun itti aanaa pireezidaantii biyyattii tures kunoo tibba darbe haaluma walfakkaatuun “Girees Mugaabee ijji inni ittiin ilaalu natti hin tolle, nafonqolchuuf yaala” jechuun dhiitee ofirraa hari’e. Walumaa galatti hundumaa hari’ee aangoo biyyattii ofii fi harka haadha warraa isaa Girees Mugaabeetti galche. Garuu kunoo xumura badaa jira! Roobarti Gaabreel Mugaabeen warra naan mormu jedhe hari’uu, hidhuu ajjeesuu fi bakka buutee dhamasiisu qofa osoo hin taane guddinatti balabala cufee biyya “Gootaraa midhaanii” jedhamuun beekamtu hiyyummaaf saaxilee uummattoonni biyyattii akkuma uummattoonni Itiyoophiyaa bulchiinsa Wayyaanee jalatti beelaaf fi gadadoof saaxilaman beelaa fi gadadoof saaxile.Waggoota 37 oliif Zunbaabee haqanqaalee bitaa ture.
Har’a garuu dubbiin akka yaade hin taanefi. Odoo bara bittaa biraa yaaduu waraanuma isaan salphifame. Xumura isaa kan oollee, bullee ilaallu ta’uus warri isa marsee harka dhahaa ture kanneen akkuma OPDOn hara wayyaanee jala kaattee uummata Oromoo miisiisaa jirtu; miisisaa turanii fi ergamtoonni hunduu har’aa mana hidhaatti darbatamaa jiru. Mugaabee aangoo irratti ciccaa turee fi irrattis du’uuf of qopheessaa tureeefis haalli jiru miidhagaa miti. Innis halalyyaatti sigigaachaa jira. Kan baayyee nama ajaa’ibuu fi nama raaju abbootiin irree hunduu addatti ammoo Afrikaanonni maaf amma haala kanaan salphifamanii aaangoo gadi dhiisanitti irratti cichuu kan jedhuu dha..?? Dubbistoota! Mee immoo mootummoota Afrikaa bulchaa turanii fi jiran hunduma isaaniituu of duuba deebi’aatii ilaalaa, warra hara’a aangorra jiranii fi uummata bulchaa jirra jedhan uukkaamsanii, mirga namoomaa isaanii dhiitanii bulchanis xiinxalaa. Yoo biyyoota xiqqoo fi qubaan lakkaawwaman ta’e malee baayyeen isaanii akki itti aangotti dhufanis ta’e akki itti aangorraa bu’anii fi bu’uuf deeman baayyee fokkisaa dha. Du’aan, hidhaa fi salphinaan bu’aa turan bu’uufis jiru. Abbootiin irree maqaa uumataatiin kakatanii filannoo uummataa malee aangoo qabatan hunduu wanta isaan raawwataa turanii fi jiran yoo illaalle faallaa dimookiraasii, faallaa mirga namoomaa, faallaa uummata ittiin kakkataniiti. Aangoo yaabbatan irratti yoo cichan, irratti du’an,irratti salphatanii fi humnaan fonqolfaman arginee dhageenye. Fedhiin gadi dhiisanii hin beekan. Dimookiraasii, mirga namoomaa hin beekan,. Uummanni beela’ee, dheebotee, dhibee fi rakkoolee kamiifuu saaxilamee isaaniif dhimmaa miti.
Kan nama ajjaa’ibu ammoo kan ofii isaanitiif amma dadhabanii fi du’anitti aangorratti cichan caalaa du’a isaanii boodallee ummanni akka bilisummaa hin arganne abbaa irree biraa, maatii isaanii keessaa bakka buufachuuf carraaquu isaanitii. Kan hara’ Zunbaabee keessatti argaa jirruu fi kan Itiyoophiyaa keessatti argaa turree fi jirrus kanuma. Egaa amallii fi haalli gadheen, fokkisaan abbootii irree Afrikaa kan wal isaan fakkeessu isa kana. Tokko tokkorraa hin baratu. Dhugaan akkasii kalees tureerraa Kunoo Mugaabee Zunbaabee irrattis muldhateera. Aadaa siyaasaa impaayeera Itiyoophioyaa yoo kaafnee ilaalle ammo kana caalayyuu fokkisaadha jechuu dandeenya. Namoonni Impaayeera itiyoophiyaa bulchaa turan hunduu waggaa hedduuf humnaan aangoo qabatanirraa bu’uu diddaaf ajjeechaa, hidhaa fi dararaa raawwataniiru. Haylasillaaseerraa amma Wayyaanee har’aatti aadaa ta’ee kanumatu itti fufe. Hayila sillaaseen, Dargiin tolaan dinnaan Fincila uumataatiin, humnaan aangorraa bu’an. Wayyaaneen har’as akkuma Hayilasillaasee fi dargii Kaleessaa fi Roobarti Mugaabee har’aa itti bu’anitti malee akka hin buune ifatti muldhachaa jira. Wayyaaneen guyyaa humnaan aangotti dhufterraa kaaftee waan ittiin kakachaa turte hunda dagattee waan uummattoota itiyoophiyaa addatti ammoo uummata Oromoo gochaa turtee fi jirtu argaa turre, jirra. Yakka yakkarratt raawwachaa turte,jirti. Uummattoonni biyyattii keessumaa uummanni Oromoo waggaa hedduuf tolaan nurraa bu’i jedhees murna tana gaafachaa ture. Dinnaan garuu kunoo akkumaa argaa jirru humnaan ofirraa buusuuf qabsoorra jira. FXG finiinsaa jira. akkuma abbootiin irree impaayeera ityoophiyaas ta’e kan Afrikaa kanneen kaani itti bu’anitti ofirraa buusuuf karaa jira.
Wayyaaneetti salphina, salphina caalu haguugee akka ofirraa kaasus shakkiin hin jiru! Dubbistoota! mee gara gafii calqabarra kaafnee isa “maaliif abbootiin irree amma salphatanii aangorraa bu’anitti eegu…? jedhu haa ilaallu, eeyyee maaf amma slphinaatti aangorratti cichu,? deebin isaa kan namni baayyeen irratti walii galuu fi dhugaan waayee seenaa abbootii irree lafa kaa’ee darbe jedhu tokkoo fi tokko jenneerra, innis abbootiin irree filannoo uummataa malee aangotti dhufan kun hundii isaanituu yeroo aangorraa jiranitti uummata ykn uummattoota bulchaa jirra jedhanirratti yakkoota danuu dalagau. Ni saamu, ni ajjeesu ni hidhu, ni dararu uukkaamsanii, mirga uumaaa fi dimookiraasii isaanii uuguranii bara bittaa fi saamicha aisaanii dheereffachuuf yaalu. Egaa yakka kana mara raawwatanii tolaan aangorraa bu’an itti ulfaata. Yakka dalagaa turanitti akka gaafataman waan beekanii fi sodaataniif amma du’aan ykn humnaan aangoirraa bu’anitti tolaan bu’uu hin fedhani. Kanaafuu kan isaan dhiphisu yakka dalaguu isanaiti. Eeyyee rakkoon abbootii rree Afrikaa kana, Mugaabee Zunbaabee bulchaa tures haa ta’u wayyaanee har’a uummata Oromoo hidhaa fi ajjeesaa jirtu kanatu hudhee ishii qabee jira. Wayyneen yakkoota uummattoota impaayeera itiyoophiyaa irratti addatti ammoo Oromoorratti raawwachaa turte waan beektuuf amma salphifamtee humnaan bututti aangoo gadi dhiisuu hin feetu. Dhugaan jiru kanaa fi kana qofaa. Uumamttoonni cunqurfamoon Itiyoophiyaa addatti ammo uummanni Oromoo kanuma hubatee qabsoo isaa roga maraa jabeessee itti fufee jira, kan jabaatee itti fufuu qabus kanaa fi kana qofa! Wayyaaneen akkuma abbootii irree kaanii lolaan malee murna tolan buutii miti! Kan tola didee salphina barbaade salphisuun ammoo yakkaa miti!
Kan tola didee salphina barbaade salphisuun ammoo yakkaa miti!
Qabsoo Keenya Cuunfaa: Jiyaa hundaa fi akka halleen itt duulamuu Oromoon kolonummaa fi jijjiirraa saaf jilbeenfachuu didanii jiru. Amma qabsoon saanii sadarkaa itt dachaasuun hin dandahamne gahee jira. Oromoon hoggansa of irratt hirkataa fi walaba, kan qabsoo sabaa qindeessee fiixaan baasu qofa dharra’aa jira. Kaayyoo sabaawaan Oromoo walabummaa fi birmadummaa dha. Soochii Oromoon gara walabummaatt tolchan keessa seenee borcuu kan yaalu onneen faccifamuu qaba. Kan heera TPLF/EPRDF angoo 39 hin fudhanne fira Oromoo tahuu hin dandahu. Haasaa , barruu, walgahii, hiriira haa tahu mallattoolee kkf mirgi of ifsuu ulfoo dha. Oromiyaa keessatt afaan Oromoo barachuun ijoollee Oromoof mirgaa fi dirqama. Imaammata barumsaa diriirsuun humna dhuunfaa finnaa Oromiyaa tahuu qaba. .Ammas lolli jiru sabboonummaa Oromoo fi koloneessaa Itophiyaa gidduu dha. Gaaffiin too’annaa guutuu Oromiyaa keessatt lafa, afaan fi aadaa irratt qabachuu ammayyuu jalqaba bu’uura irra jira. Abbumaan Finfinnee irratt Oromoon qabu kan dhoofsifamu miti. Dadhabbiin sochi malbulchaa Oromiyaa hirqinfu yerooti. Faarri jiru akka EPRDF jiga gahe. Yoo bulchi cehumsaa ni uumama tahe iddoosota ummati suduudaan kennatuun tahuu qaba. Bulcha gidduun barbaachisuuf ST (UN) afeeruu dha. Oromoon erga Adda Bilisummaa Oromoo (ABO) jalatt jalqabaaf qabsoo ijaaramaa eegalanii fagaatee jira.Hardha maqaa saanii kan dhahatan jaarmota hedduu dha. Murnootii fi abba tokkooti yeroon gaafa tolu utaalan keessa gugachuuf riphanis jiru. Isaan keessaa kan kaayyoo sabaa xumuraan gahuuf daaya agarsiisu hin jiru. Haa tahu malee dargaggoon Oromoo bakka hirdhatett guutuuf fulduratt bahaa jiru. Sochooti Oromoo kaasaa dadhabbii ilmoo namaa,yaada halagaa fi keettoo diina luuxee galuun meelachaa dhufe.
ABOn Oromoof, Oromoon akeeka qabama Oromiyaa raawwachiisuuf, walabummaan ijaarame. Sagantaa malbulchaa saafi kan EPRDF ABOn shororkeessituu jedhe labse. Sababa sanaan hamajaajii keessaa fi alaa, kanneen jibba Oromoo qabanii fi walabummaa Oromiyaa hin feenee, sabboonota Oromoo balleessuuf kan irratt xiyyeeffatan. Serri shororkaa ergasii gara gocha malbulchaa fi hawaasomaa hundaa fi mallattoolee sabaattis baballatee jira. Sun tahees Oromoon of ifsuu fi aadaa, dudhaa fi dabaan mormuu shakaluu hin sodaanne. Oromoo gomceen Oromiyaa dhufanii akka ofgochuu qabanii fi waan itt dhagahaman akka itt ifsatan isaanitt himuuf; waan isaan uffachuu qaban, mallatoo akkamii qabachuu akka qaban fi maal faarsuu akka irra jiru want galchuun hin jiru jedhanii amanu. Wayyabaaf sodaan doorsisa koloneeffataa raawwatee jira. Waan ajaja gooftolii kolony fudhachuu fi fudhachuu dhiisuu gidduu, gidiraa namarraa gahuu dandauhuf garagarummaan jiru itt hin mullanne. Ejjennoon kun mormii Oromo 2014 jalqabe hanga hardhaatt itt fufeen ifa bahe. Waggooti ergasii jiran keessa hoggansa lafa jalaan guddataa dhufe. EPRDF humnaa fi labsa yeroo ariitii hamaan hankaasuu yaale. Garuu sodaan dhaalan dhufe waan irraa darbeef itt fufee sochoota bilisummaaf gufuu tahuu hin dandeenye. Hogganooti dhaabota mormituu amanamtuu tahan hidhamanii, dhaaboti sabboontaa lafa jala jiraachuun, dirree lafaa olii OPDOf qulqulleesse. Haala kanaan taasisaa OPDO kan jedhamu dandahutu dhalate. “Biyya fardi bade harreetu garmaama” jedhama. OPDO fi ANDM diddaan dargaggoo Oromoo mootummaa koloneeffataa EPRDFiin gaggeeffamu fonqolchaa yaadda’an. Kanaaf waliigalanii ummata saaniitt afaan warraaqsa dubbachuu eegalan. EPRDF keessa rakkina alaa itt dhufaa jiru akka itt furan waliigalteen kan jiru hin fakkaatu.
Akasumas jara akka OPDO fi ANDM keessas walii galuu dadhabuun jira. Achittis sararaama EPRD keessa jirutt wal hiruun kan jiru fakkaata. Kanaaf lamaan keessatuu jijjirama hoggansaa tolchan. TPLF sana gochuun yeroo itt fudhate. SEPDM rakkina keessaa agarsiisaa hin jiru. Waldhabdeen EPRDF keessaa TPLF waliin utuu hin tahin kan ilaalcha walii galaatii. OPDO fi deggertooti saa ummata Oromooti sana fakkeessanii dhiheessanii. Kanaaf hanga dhugaan muldhatutt ummati fakkeessituu waliin dhiichisaa bahe. “Keessi keessaa adurreen bineensaa” jedhama. EPRDF, EPRDFii, maqaa Oromo maxxanfateef Itophiyummaa gad hin dhiisu. Ummati itt dammaquun hunda ija facaasisaa jira. Ababbara keessa waanti hamaa fi gaddhiisaa fakkaatu walcinaa muldhataa jira. Ajjeechaa fi hidhaan ummata Oromoo irra gahu itt jabaataa dhufe. Ummati Oromoo ummata duula Wayyaaneen buqqa’e hadhaadhiyyuun ifaan itt jabaataa jira. Utuu akka duriiti karaafa itt cufaatu eegama. Ammaaf sun kan hin taaneef sirni jeeqamuu agarsiisaa. Haalichi haaraa waan taheef akkaata itt qabu hin karoorfanne. Maaliifuu miirri saa kana irratt akkamitt jijjiirameen, gaafii qormaata gaafatu? Sun akka fedhe haa tahu, OPDOn Oromo Itophistota irraa deggersa argachuun hololli saboonaa isa fakkeessu gad dhiifamuutt kahe. Yakkooti Hamoon OPDOn kaleessa raawwataman hundi irra ilaalamuu eegalan. Hoggansi OPDO gootummaan farfamuu eegale. Itophisa tahuun saa hedduun irraanfatame hololaan sabboona tahe. Hin turre Abbayya cehanii jaala gamatt eeguun walitt boohuu eegallaan eenyummaan saanii ifaa bahe. Sanaaf sabboonoti yoo irraa dacha’an, Itophistooti harka rukutuufii itt fufan. Akkasitt taasisi OPDO qabsoo walabummaa karaa irraa maqsee xurree EPRDFitt galchuu yaale.
Garuu ummati Oromo, mirgaa, walabummaa fi bilisummaa badde utuu hin deeffatin dhumuu taha malee hin dhaabbatu. Sodaan du’aa, guraaramaa fi hidhaa koloneeffataaf jilbeenfachuuf kaasaa tahuun sich hin jiru. Dabeessa dugugguruu hin qabneef alaabaa diddaa Oromiyaa baasanii muldhisuun, of irratt fincaawuu fi alaabichaa fi ABO, dhaaba eegala goodeen, takka hin agarre jedhee haaluu irraa hin deebi’u. Akka sabaawaa Oromoott saganta ABO irratt yaadaan waliigaluu dhabuun mirga; garuu dibbee du’aa diina waliin itt dillisuun lugnummaa fi gantummaa dha. ABOn qabsoo Oromoo humna lolaa kallacha tahee gaggeessee jira. Sanyi bilisummaa inni walakaa jaarraa dura facaasetu Oromoo Oromiyaa keessaa fi bakka fedhan jiraatan waliin gahe jechuu dha. Sana jechuun dhaaba sabaawaa Oromoo angafa jechuu dha. Isa adabuu tahee badhaasuu abbaawummaa Oromoo malee halagooti irratt hin qabani. Kanaaf waan Oromoo kan tahe hunda irraa hamaa faccisuun waamicha Oromummaa fi deebisuun dirqama sabaawaa Oromoo dhugaatii. ABOn dhugaa dhaaba walaba, of irratt hirkataa fi boonaa dha. Dinni kaayyoo ganama inni dhaabbateef utuu hin tahin isa cabsuu ni dandaha taha. Sun namoota Oromummaan boonan, keessaayyuu dargaggoon fudhatamee, qabsich yeroo hojiin dhaaba roga dhabellee hin dhaabbanne. Ayyaanni dhaaba kallacha tahe kanaa, dirree bahee hin beeku. Diinni Oromo garaagarummaa hawaasomaa fi malbulchaa xixinnoo qabaniin addaan baasuu yaala. Garuu Oromummaan gara halleen akka fedhanitt gad tumanuu kan hin uramne tahuu raggaasisee jira. Hardha Oromiyaan yoomuu caalaa xiiqii tuffii fi xaxaa diiga diinaa wal irraa hin citneen kan kahe tokkumaa saa cimfatee jira. Nyaaphi meeshaa kuusaa saa keessa jiru hundatt dhimma bahuun yeroo ammaa kana Oromoo gad ciraa jira.
Garuu akka nu callisiisu ooffalchamuu hin qabu. Sagantaan malbulchaa ABO bara 1976 fi 1998 fooyya’e ifatt kaayyoon qabsichaa akka empayera koloneeffataa Itophiyaa diigee ummata achi jalatt sakalame bilisoomsuu; Oromoon mirga hiree sabummaa ofii ofiin muteeffachuu mirkaneeffatee, republika Oromiyaa walaba dhaabuu tahuu lafa kaa’ee ture. Ergasii kaayyoo sana bakkaan gahuuf alaabaa ittisaa, mogge lamaan diimtuu jala hiriiranii kumkumooti lubbuu saanii itt wareegani jiru. Kan abbaa fedhe waliin walqixxumaan haasawuu dandahu, ummata birmaduu, nageenyi duubbee iggitii qabu qofaa. Ummati garbummaa jala jiru waa’ee tokkummaa, nagaa fi araaraa ummatoota biraa waliin dubbachuu hin dandahu. Si’ana garbummaa jechuun akka durii seeraan nammi nama bitee gabaa baasee gurguruu jechuu miti. Qabeenya ofii, lafa ofii, sochii ofii, afaan ofii irratt abbummaa dhabuu, eenyummaa ofiif fanfanamuun eegalee garbummaa si’anaa keessaa hanga tokko. Gabaabaatt biyya ofii keessatt halagaan akka itt jiraatanii fi bulan namatt himuu fi mirgi ilmoo namaa qoodamu fi seera tumuu saa keessatt qooda hin fudhanneen itt murteeffamuu dha. Qabamsi bara dheeraa, biyyuma ofii keessatt Oromoo ciisanyaa fi garbummaatt geeddaree. Aadaa, dudhaa fi afaan saanii haqamanii seenaan saanii roga dhabsiifame. Ummati al tokko walabaa fi boonaa ture, harka koloneeffataatt tuffatamee fi salphatee jira. Sirni koloneeffataa amma TPLF/EPRDFiin iddoosamee jira. Kanaaf humni muummichi Oromoon fuulleett qabsoo walabummaa ittiin qabaa jiru isa. Qabsoo bilisummaa irratt humni muummichi Oromoo masaku Oromummaa dha. Kan Oromummaan jalaa laasha’etu galii galaa. Balaa hundi kan isaanitt bu’e, Oromoo, saba Afriikaa Saaraa gaditt wayyaba, qabeenya uumaan dureessa, lafa taadhii fi ummata yaada baldhaa qabu tahuu saaniif.
Oromoon saba hedduu cunqurfamaa Itophiyaa irraa gara kibbaatt argamu. Tarkaanfataa haa tahanii duubatt harkistuu, amantee qabeessa haa tahanii, Waaqa hin qabneen, roorroo fi bulcha namummaa baasaa mootummaan saaniin Oromo irratt raawwatamaa ture, takka fulduratt bahanii sagalee dhageessisuun balaaleffatanii hin beekan. Garuu yeroo Oromoon gaaffilee kolonummaan akka hafuu fi walabummaa qabatee kahu, aariin burquqanii gad bahan. Hanga sanaatt waan barabaraan isaan bolqaa jiraatan itt fakkaata ture. Akkasitt abjuun saanii kolonoota hacuucanii bara baraan jiraachisuu, dhalachuu ABO fi dhaabota bilisummaa kolonota biraan doorsisifamuutt kahe. Dargiin akka akeekaatt, mirga afaan ofiin barachuu fi dhimma itt bahuu fi bulcha keessaa hanga tokko isiniin beekaa jedhe. Sanaan qabsoo walabummaa irraa isaan maqsuu yaalee ture. Labsa lafaa kan jalqaba “lafti kan ummataati” jedhu utuu hin turin “lafti kan mootummaati” jedhutt jijjiirame baasee. Duratt lafti kan finnaa fi abba lafootaa ture. Labsa kanaan abba tokkeen lafa qabaachuun ni haqame. Ammayyuu sanumatt dhimma bahama. Ummmati lafa hin qabne biyya qaba jechuu hin dandahu. Lafti kan finnaati jechuun finnaa halagaa ummati irratt taahitaa hin qabne yk murtii lafa ilaalu irratt qooda hin fudhannne jechuu dha. Lafti eegalee Oromummaa yk eenyummaa Oromootii. Kan isaan lafa isaanii dhabsiifaman eenyummaa saba biraa akka fudhataniifii. Haalamuu fi dhabsiifamuu sanatu ummati fincilee akka ka’u tolche. Jaarraa walakkaa darbe keessa Oromoon bu’aa hanga tokko galmeefatanii jiruu; garuu ammallee halagaan bitamu; lafti saaniis kan finnaa empayeraatii; hojii mootummaa koloneeffataa yoo afaan koloneeffataa barreesuu fi dubbachuu hin dandeenye hin argatan. Sun imaammata afaan jara abbaa biyyaa, ABOn 1992 mootummaa Itophiyaa waliin dhoofsiseen wal fincila.
Akka saatt waabariin ambaa Oromiyaa keessa jiran hundi afaan Oromoon barsiisu. Gochooti ambaa (public) hundi akkasuma. Dhaaboti Oromoo tokko tokko, baasii Oromoon, sadarkaa afaan Oromoo biyya ofii keessatt itt ilaalamu kan halagaan walqixxeesuun waan garaa nama nyaatu. Badaan sanaa gadii, akka dhagahamutt waabariin ambaa Oromiyaa keessa jiran tokko tokko barataan Oromoo, afaan Oromoo fi Afaan Amaaraa gidduu akka filatu godhama jedhama. Waabariin ambaa Oromiyaa, qabeenya Oromiyaan jiraatu. Kanaaf meeqa itt bahee mirga argame kana dabarsanii kennuun, hamma mirga Oromoon imaammata barumsaa ofii, bifa itt gochuuf qabu irratt dabi tolfameett fudhatama. Ijoollee kamiifuu afaan ofiin barachuun mirga. Garuu kun Oromiyaa dha; biyya dilormaa guutuun akka afaan ofii hin dubbanne, hin baranne, hin barreessine ukkaamfamee ture. Sabaawoti hundi biyya afaan ofii ijoollee ofii qabeenya ofiin yk gargaarsa gaafatanii itt barsiisan qabu. Oromiyaa keessatt hawaasi hundi waabarii dhuunfaa qabaachuu dandahu; haaloon ukkaamsi Oromoof safuu dha. Yoo waabarii ambaa Oromiyaatt dhimma bahuu fedhan imaammata barumsaa biyyatiin buluu qabu. Waabarooti ambaa Oromiyaa yoo Oromiyaaf anjaa qabaate afaan halagaa akka barnootaatt kennuu dandahu. Warri Oromoof ijoolleen saanii afaan ofiin akka baratan gochuun dirqama. Gaaffiin afaan ofiin barachuun kaasaa warraaqsa Oromoo sabboonotii itt dhuman keessaa guddicha tokko. Ijoolleef afaan saanii malee akka baratan kolomsiisuun wareegama jaalbiyyooti baasanitt qoosuu fi sabicha irratt yakka raawwachuu dha. Afaan Oromoo dulloota keessaa tokko tahuyyuu, dhimma Oromoo ooluuf dhiheenya carraa argate. Corqaa dhaa; afaanota biraa irraa dorgommeen hin taane akka itt hin dhufne kununsa barbaada. Kanaaf gurguddoon Oromoo akka inni daddafee guddachuun utuu of hin dandahin duubatt hin deebine gochuuf abbaawummaa qabu.
Diinni, irraan rakkoo gurguddaan nu jarjarsee, mirgoota harkaan gahanne akka hin eegganne nu dagaa, jalaan sesseqee nu mulqaa jira. Kana duukaa bu’anii irra faccisuun qooda hayyoota keenya ture. Amma akka agarrutt garuu, hangi tokkoon saanii qabeenyuma Oromoon afaan halagaa irratt guddisaa jiru. Addaababayitt afaan Amaaraa bareechuutt anatu caalaa, anatu caalaa waan wal dorgoman fakkaata. Waant hin beekamu “Shigiggiriin” yoo deebi’ee dhufe ulaagaa ittiin qooda fudhatan taha jedhanii yaadinnu? Kun mirga ummata ofiin, qabeenyaa fi yeroo saan sagaggala beekumsaati. Holola raatessaa saaniin dargaggoo Oromo kan mugsiisan itt fakaatuu, wayyabi guutummaatt dammaqnee jira; akkuma kanaan durraa mirgoota saba ofii irraa hamaa faccisuuf qophee dha. Isaan garuu guyyaan sabichaa yk Waaqa duratt itt gaafataman ni dhufaa. Qabsoo Oromoo keessatt qabatteen biraa kan sabboonoti qayyabachuuf qayyabachiisuu qaban gaaffii Finfinneett rarra’e jiru. Kanneen ammayyuu sammuu sirna Nafxanyaawaa qaban Oromiyaa keessaa bocanii laaqii tokko baasuun abbaa dhabsiisuu fedhu. Akkuma magaalota gurguddaa kamiiyyuu Finfinneenis jiraattota empayerittii keessaa fi baaqula bakka hallee babbahan qabdi. Jaarmoti sabgidduu keessa jiraatanis hedduu dhaa. Qabama duuba, Finfinneen humna garboota fi qoteebuloota Oromoo fi kolonoota biraa keessaa argamaniin magaalummaatt jijjiiramtee. Masarooti, karooti, galmistaanoti, riqichooti fi dhaaboti garagaraa humna tolaa garbootaa fi qoteebuloota sanaan ijaaraman. Horeen jara saanaa eenyummaa jijjiirratanii hardhallee achuma jiru. Koloneeffataan lafti saanii kan irraa fudhatame, sabi Finfinneen tiyya jechuu dandahu Oromoo malee hin jiru. Lafa handhuura Tuulamaa, gosa Oromoo guddaa tokko kan tahe, keessaayyuu oyiruu fi kaloo qomoota akka Eekkaa, Galaan, Gullalleetii kkf.
Qabama Oromiyaa booda lafti Finfinnee garri caaluu mooraa raayyaa abbaa duulota Habashaa keessaayyuu jara Amaaraaf kenname. Sun 1975 keessa labsa lafaa magaalaan dhumate. Lafti finnaatt yoo darbu qabeenyii mootummaan dhaalame. Kanaaf gaaffiin lafaa Oromoon qabu finnaa empayeraa waliin malee sabaa fi abba tokkee kamiinuu waliin miti. Hardha Finifinnee keessa, jiraattota heeraan murtii kennuu magalichaa keessatt qooda fudhachuuf mirga guutuu qabantu jira. Waliinjiro wayyabummaa himatu yoo jiraate, imaammata magaalattii karoorsuu irraatt dhimma itt baha malee moo’ummaa Oromiyaa didhchiisuuf miti. Finfinneen fedha biyya itt naanna’ee jiruu malee socho’uu akka hin dandeenyes hubachuunis dansa. Qabeenya handhuuraa Oromoo waan taheef, Finfinnee irraa magaalota Oromiyaa biraa irraa addatt bu’aan Oromiyaan gaafatu hin jiru. Qabsich amma maal irra jira? ABOn hayyoota Oromo sabboonoo, beekoo dargaggoo tahaniin bu’uurfame. Akka jara xurree sochii baratoota Oromoo Marksiist Leeninist hordofanii utuu hin tahin ilaalcha bilisummaa yk Kaayyoo sabaa akeeka masakaa kan godhatan turan. Yeros, dabballooti olhaanoon ABO dulluma keessa akeeka kana irraa dheessuuf isa jalqabaa tahu jedhee kan se’ate hin turre. ABOn yoomuu caalaa kan addaan babahuutt kahe 1992 jalqabee yoo tahu bututa qabsoon haa tahuu kaasaan biraa yoo jiraate warraganoo qofatu beekaa. Innasi kan hogganooti saa beekamoon tokko tokko kanneen qabsoof kakaasanii hiriirsan hiree ofiitt dhiisanii mooraa Itophiyanestotaatt cehan. Hogganooti kun isaan lafaa kaasanii ABO ijaaran keessatt argamu. Warana bilisummaa Oromoott (WBO) dargaggoo madaqsanii, lenjisanii bobbaasanii turan. Amma jaarmaa haaraa ijaarratanii Itophiyaa demokraatessuun, Itophiyaanota waliin angoo hirmachuuf kakatanii jiru.
Murnooti biraa maqaa ABO irraa addaa fudhatanii yk maqaama sanaan kaayyoo bilisummaa sabaa amanamaa tahanii akka itt fufan labsatan jiru. Qabsoon bilisummaa fi walabummaa ciminaan baballatee jira. Tokkummaan Oromoo yoomuu caalaa jabaataa jira. Jara biraa, kan mootummaa Itophiyaan cunqurfamuun itt dhagahamu waliin qayyabannoon guyyuu guddataa jira. Jaarraan kun jaarraa Oromiyaa fi kolonoota biraa kan tahu fakkaata. Amaarri biyya ofii jiraatan illee kolonoota waliin hacuuccaa walfakkaatan itt dhagahamaa dhufee jira. Garuu harcaatuun sirna Nafxanyaa durii kan Amaara ofiin jedhan, tumsa dhugaa Oromoo fi Amaara biyya jiran gidduutt uumamuu dandahu roga dhabsiisuun gara fedha ofiitt micciiraa jiru. Jarri kun Oromo warraganoo firoomfatanii waliin waa’ee Oromoon Itophiyaawoo sadarkaa dura tahuu fi empayera ijaaruu irratt miiltoo akka tahan olkaasanii lallabaa jiru. Oromoon garba gamaa dhufan inni jedhamu duubatt dhiibamaa jira jechuu dha. Kanaaf eenyuun hariiroo qabaataa akka jiran of gaafachuun dansaa. Ummatooti cunqurfamoon hariiroo saanii sadarkaa olhaanaatt olkaasuuf rakkina hin qaban. Biyyooti Oromoo fi Habashaa, utuu moototi saanii Oromiyaa fi biyyoota Afriikaa naannaa jiran hin qabatin durattuu olloota bara dheeraaf walbeekan turan. Bilisoomuun Oromoo cunqurfamoota hundaa fi cunqursaaf illee bilisoomuu taha. Hidhati EPRDF kan finnaa empayera Itophiyaatt si’ana mataa tahe, guyyuu dadhabaa deemaa jira. Dadhabbii ofii irra haanuuf hamilata “haaromsaa gadi fagoo” jedhuu diriirsee jira. Dadhabina saa kanatt dhimma bahuu kan barbaadan ayyaanlaallatooti saba hunda keessaa maddan jiru. Carraa akka mormituu amanamtuutt mootummaa EPRDFiin fudhatamuu kan dhowwataman tokko tokkos jiru. Isaan kana kan EPRDF bososaa jiruuf filmaata tahuu dandeenya jedhanii embaasota biyyoota alaa irraa kan naannaha jiran.
Ayyaanlaallatooti Oromoo fi Amaaraa hangi tokko TPLF fi PDOta saa gidduu shibliqii galchuu kan yaalan jiru. Sanneen akka simbirroo kuukkuu jedhamtu kan buphaa mandhee simbira biraa keesatee hammachiifatuutii. Wuciin kuukku wucii isee hammachiifattee nyaattee mandhicha dhuunfattii. Jarri kunis fira fakkaatanii PDO liqimsuu yaala jiru. PDOti utuu ummati hin gaafatin maqaa saaniin ummata biraa waliin tumsa uumna jedhanis jiru. Yoo caalaa cimsuu tahe malee duruu ummatanii Oromiyaa seenan. Oromoon kanneen Oromiyaa qabachuu irratt qooda fudhatan hunda waliin hariiroo uumuu dura, madaan dhinuu fi gaaffii deebii argachuufii qaban hedduutu jira. PDOn ummatee dhiisee dhimma saanii miti. Giti bittuu Habashaa mootota saaniin hogganamanii jaarraa tokkoo oliif Oromoo jireenya gadadoo seensisanii jiru. Moototi sun hojjeteebulaa biyya ofiitiifis gara laafota hin turre. Haa tahu malee, kan itti roorrifameef, mootii roorrisaa fi ummata inni keessaa bahe, gargar baasuun rakkisaa dha. Moototi hooda fi seenaa hundee hin qabneen ummatoota ofiillee waa’ee Itophiyaa boona sobaa obaasuun joonjessaa jiraatani. Maqaa Itophiyaa si’anaa kan ifaan maqaa biyya Habashaa godhee galmeesse Haayila Sillaasee ture. Isaan dura “Habashaan” wal jijjiiruun waamuun jalqabamee ture. Itophiyaan maqaa masoo ummata gurraachaa Abbayya gad haanuu Grikooti ittiin waaman ture. Afrikaa keessa ummati Itophiyaa ofiin jedhu hin turre. Imaltuu Grikiin himamuun, waa’ee ummata Kush Marowee fi Napataa Nuubiyaa wiirtuu godhatee, kan dubbatanii fi barreessan maqaa dhimma itt bahan ture. Waggooti 3000 Habashaan lakkaawwatu seena Kush sana irraa kaha. Hundeen Habashaa Semawaa malee Kush miti. Kanaaf hoodi Habashaan dhugaa jedhe fudhate seenaa ofii keessa waan hin jirre tahuun ifaa dha.
Kan dhimma baasuu dhugaa amma lafa jiru malee hooda darbe yk du’e miti. Yeroo ammaa Habashooti hoduu uuman hedduu fi hayyooti ayyaan laallattuun, seenaa naannichaa roga dhabsiisuun akka waan koloneeffataa fi kolonaawaan; cunqursaa fi cunqurfaman hin jirreett lallabuu eegalaanii jiru. Empayera Itophiyaa ijaaruuf Oromoon qooda bilsa walqixxee qaba ture jedhu. Kun garbooti of garboomsuu irratt gooftolii saanii utuu hin tahin isaantu abbaawummaa qaba jedhanii akkan itt himuuti. Dhuguma, yoo dilii irratt dabsatamuun bu’aa fi ulfina injifannoo hirmachuun gahe jechichi sirrii taha. Dhugaan jiru, Oromoon akka ummataatt takkaa fedhaan Oromiyaa koloneesuu irratt qooda fudhatanii hin beekan. Yaa’a murtii empayera ijaaruu keessattis takkaa hin hirmannee. Miseensoti raayyaa mo’amee kan moo’ateen madaqfaman jiru. Abba tokkooti maqaa saba Oromoon yk jila isaaniin ergaman utuu hin tahin, dandeettii ofiin bulcha Habashaan foo’amanii sadarkaa olhaanaa gahan jiru. Seenaan Itophiyaa si’anaa Oromoo malee adda tahuu akka dandahu ifaa dha. Haa tahu malee sun Itophiyaaf halagaa tahuu saanii hin geeddaru. Isaan of irratt ijaaruuf humna tolaa dhagalaasan barri gaafatan ni dhufa taha. Oromummaan DNA baayoolojii qabaachuu qofa miti. Oromummaan, seraan bulmaata, birmadummaa fi walabummaa, dudhama malbulchaa fi hawaasomaa qabaachuu dha. Haala sun keessa hin jirrett maqaa Oromoo dhahuun cubbuu dha. Nugusootii fi goototi Habashaa, akaakkilee Oromoo qabachuun hayyoota qaanii hin qabneen facaafamaa jira. Haayila Sillaasee hanga dhumaatt duubbee dhaloota saa iccitiin eegee; hardha qaccee gad yaasuun maal jijjiiruu dandaha? Maqaan dhalootaa Fitiraarii Habte Gogis fi maqaan abbaa saa eenyu?
Maqaan abbaa Dajjaach Baalchaa eenyu? Utuu warraaqsi hin saaxilin maaf amba jalaa dhoffaman? Sirni barumsaa Itophiyaayyuu seenaa sobaa afuufaa yoo oolu baraattoota barasii sanneen hin barsiisnee. Namoota gurguddaaf hafee kadhattuu Habashaafuu ifaan Oromoott firoomuun yeros qaanessaa ture. Akeeki holola akkasii, qabsoo walabummaa Oromoo, Oromoof hin barbaachifnee fakkeessuufii. Yeroo qabsichi fiixee dacha’uu hin dandeenye gahe kana illee, waa’ee seenaa godinichaa dhugaa bahuu hin fedhanii. Barri ammaa kun bara itt haalan utuu hi tahin badii darbe fudhatanii akkataa itt sirreesan kan itt soqan tahuu qaba ture. Kana malee waanti hin yaadamne gudeeda saanii irratt lafa dhahuu dandaha. Wal amanteen bakka hin jirrett ibsi dhugaallee mamsiisaa taha, dhugummaan saa mirkanaawuuf dura wal amanteen uumamuu gaafataa. Abba tokkeen Oromoo gadi qabame, koloneeffataa akka lolee fi garbicha/garbbittii manaatt tajaajiluun hin haalamu. Garuu sana akka waan Oromoon irratt waliigaleett dhiheessuun hariiroo egereef tuffatamaa fi hubaa tahaa. Boojuu fi fedhanii askarummaatt kan madqfamanitt dhimma bahuun dudhaa booji’aatii. Miseensoti OPDO ummata ofii akka lolan bobbaafamuuf boojuu jalqabaa miti; namooti akka Qusee Diingadee fi Baalchaa Saafoo isaan dura jiru. Qoodi abbaa duulota Oromoo galtuu, sochii Raayyaa fi Baalee gad qabuu irratt qabaataa turan waan irraanfataman miti. Kanaaf seenaan roga dhabsiifame rakkina harka jiruuf furmaata hin tahu. Maal akka godhamutu eegamaa? Oromoon akka sabaatt baraaramuuf qabsaawu. Itophiyaanoti kolonoota saanii irratt olhaantummaa turfachuuf qabsaawaa jiru. Kan qajeeltuu akka ujuutt ilaalan hundaaf walabummaa Oromoof loluun fakkeenya ujuu sanaati. Kanaaf itt gala fedhame utuu hin gahin dhaabbatan ofumaa dhama’uu dha.
Sun hanga ammaatt firaa fi hamajaajii Oromoof ifaa hin tahin hin hafne. Galaanni namoota miidhamee waan gad dhiifameef, midhammi sun hanga dhinutt ittisuun hin dandahamu. Bilisummaa fi walabummaa qofatu isa dhinsaa. Hundaaf furmaati gaaffii Oromoo baranii, haala nagaa fi tolaa taheen deebisuu dha. Waan garagalchuun hin dandahamnett dhama’uun yeroo balleesuun badiisa soquu dha. Seenaan gara cunqurfamaa malee cunqursaa waliin hin jiru. Cunqurfamaan aariin ka’ee jira; qooqi gaggaarii fi irbuu konkaan imala warraaqaa saanii irraa hin dhaabuunii. Kanaaf qabanaawanii, qalbii horachuu fi ollaa waliin nagaa buusuun barbaachisaa dha. Gaaffiin Oromoo salphaa dha; mirga hiree sabummaa saanii kan walabummaa dabalatu ofiin murteeffachuu hojii irra oolchuu dha. Hojii irra oolchuutt yoo ofirra garagalanuu, Tigrooti utuu sana hin beekin sabboonota Oromoo qabbaneesuun sona cehumsaa keessatt waliin qooda fudhachiisuun akka hin dandahamne hubatanii turan. Kanaafi kan isaan heera saanii angoo 39 irratt barreesaniif. Amma akka nutt himamaa jirutt, sana kan tolchan gorsa Isaayyaas Afawarqii didanii ture. Humna Oromoo cabsuu waan gargaareef kan inni jedhu hunda waan fudhatan itt fakkaatee ture. Isaayyaas akka TPLF gorsa saa hojii irra oolchuuf karaa ofii qabu hin barre. Utuu bare angoo heeraa hojii irra hin olle, biyya gabbaarii saa, Itophiyaa keessatt burjaajii uume jedhee komachuu hin dhaqu ture. Kan isa balleessuuf deemu, TPLF irraatt ummatoota Habashaa biraa irraa tumsa argachuuf jedhee, fedha dansa Oromoo waliin qabu wareeguun saa dogoggora guddaa dha. Utu badii caalaa biyya ofii, Afrikaa fi Baha Gidduu irra hin geessisin Mugaabeen barnoota tahuufii qaba ture. Afawarqiin jalqabumaa kaasee Itoophiyaa akka gola ofiitt ijaaree yeroo dhuma hin qabneef bolquun akka dandahamu yaadaa qaba ture.
Itophiyaa akka martii dhiibbaa ofiitt fudhatee olloota Afrikaanota naannaa jiranitt olhaantummaa mirkaneeffachuu fi Tokkummaa Afrikaa (AU) irratt dhiibbaa gochuu akka dandahu ni amana. Itophiyaan kolonoota see malee fedha halletoo’atummaa saa kana quubsuu hin dandeessuu. Mallas Zeenaawii haa galatu sun gabaabaatt cite. Abjoochuu itt fufuu dandaha, garuu seenaan abjuu saatiin cookkoo hin galtuu. Firummaan barnoota dheeraa Oromoo fi ummati Eertraa waliin qabanii fi qaabannoo dansi warraaqxoti Oromoo dabaankufoota Eertraaf qaban, ofirrummaa abbaa hirree kanaan dhibamuu hin qabu. Faallaa hawwaa isaa, Oromoon qabsoo saanii aara hin galfachiifneen koloneeffataa dirqisiisanii mirga sana fudhachiisanii jiru. Bilisooma Oromiyaa utuu dhalooteen hin kutin, arguuf ni jiraataa jennee haa abdannu. Murnooti Habashaa biroonis akkuma Isaayyaas mirga hiree murteeffannaa Oromoo yaadaanmalaanu fudhachuuf rincicoo dha. Sagalee Oromoo ukkaamsuuf waggoota dhibbaa oliif yaalanii dadhabani. Oromiyaa biyyi halagaa hafee, dhalootaan qaama saanii tahee dhaalmaan Yohaannisii fi Haayila Sillaasee irraa argatanuu, Tigray Tigirinyiin oolfachuu hin dandeenye. Ammammoo waa’ee walii tumsa Oromoo fi Amaaraa dubbatu. Mirga bu’uuraa kana haala attamitt waa’ee waliin dubbachuu kaasu; murnooti Oromoo tokko tokkos akkamitt fudhataniifii? Diinni hedduu hamaanillee, firummaaf tuqaalee leellifaman ni qabaata. Oromoon kanneen mirgoota saa beekan qofaan dhoofsisuutu irra jira. Murni yk abba tokkeen Oromoo kamuu mirga hiree sabummaa ofii ofiin murteeffachuu, walabummaa dabalatu dabarsee kennuu hin qabu. Sana dura mirgoota ilmaan namaa fi ummatootaaf maal jechuu akka tahe al lama keessa deebi’ee yaaduu qaba. Keessaayyuu murnooti Oromoo kiyyoo Isaayyaasiin marfamanii jiran gaaffii deebisuu qaban hedduutu jira.
Kan Oromoo waliin firoomuu barbaade Wayyaanee Tigray caalaa waan kennuuf qabaachuutu irra jira. Tuffiin abbaa hirroota akka Isaayyaas, waan kolfaa, dharraa fi abjuu hangam duwwaa fi dhugoomuu hin dandeenye akka qaban agarsiisa. Oromoon humna riphaa fi kutannoo mormii amma itt jiru hamma barbaadame tursuu qaba. Diina Oromoo kalchuun abbaa kalche qofa miidha. Kanaaf yeroo furtuu kana sabaawoti Oromoo hundi, sirrii tahanii dhiisanii ummata ofii waliin dhaabbachuutu eegama. Ummatichi fedha saa bilisummaan ifsachuu kan dandahu dura bilisa tahuu fi duubbee cimaa, falma nakkarii waliin jiruf madaalli akka itt hin dabne eeggachiisuu dandahu qabaachuutu irra jira. Tooftaa fi hojiin malbulchaa kan dhufuu dandahan ummata humnneeffame qofaanii. Tooftaa dhaan qabatanii abba tokkooti ummatichaan seenuu hin dandahanii. Murnooti hedduun waamichi akka 1991 tahinnaa jechuun riphanii eeggatan jiru. Amma qilleensi malbulchaa isa barasii irraa addaa. Sabootii fi sabaawoti si’ana battala fedha saanii eegsifachuu suduudaan irraa hiriiran qabu. Kanaaf yoo sun tahe murnoota malbulchaa of himataniin utuu hin tahin sonni cehumsaa tokko iddoosota saaniin dhaabbachuu dandaha. Sana mijjeessuuf Sabooti Tokkoman (UN), tibba gidduuf bulcha yeroo gargaaruu dandahu. Birmadummaan Oromoo kanneen bara “Hirmata Afrikaa” jedhamu isaan waliin kolonumm jalatt kufan waliin walxaxaa dha. Birmadummaan Oromoo kanneen bara “Hirmata Afrikaa” jedhamu isaan waliin kolonumm jalatt kufan waliin walxaxaa dha. Akkuma waliin kufan hireen saanii waliin ka’uu tahuutu irra jira. Egree saanii waliin gooduuf ,wal qayyabannaa waloo fi fedha walii walii walii ulfeessuun waan bira hin darbamne. Gurguddoon haddhaa sirna Nafxanyaan sammuun tuqame harralee yeroo maqaa Itophiyaan dibbee waraanaa dillisan dhagahamu.
Habashaa ofiin jedhaa jiraatanuu harcaatuun sirna Nafxanyaa durii Habashaa tahuu dhiisuunu ni mala. Olhaantummaa bakka itt shaakalan biyya adda hin qabanii. Ummatoota biyya itt dhalatanii guddataniin harka wal qabatanii rakkina jiru irra haanuuf tuffii qabuufii. Hawwiin kanneen haddhaa sirna nafxanyaan tuqamanii, empayerri dandamattee bolola ofittummaa qaban bahachuu malee gad galoo waliin biyya ijaarrachuu miti. Ofittummaa fi ofirrumaa saaniif malee silaa ummatoota dhiigaa fi dafqa saaniin jiraatan bira dhaabbatanii loluutu irra ture. Karaa biraa ummatooti Itophiyaa kallattii bilisummaa, tokkummaa fi eenyummaan saanii akka ummataatt beekamuufii hedduu dharra’uu. Akka kaayyooti ummatooti Afrikaa hundi yoo tokko tahan fedha sanyii gurraachaa fi kanneen guddifatanii fulduratt tarkaanfachiisuuf anjaa qabu. Kun ummatoota Gaanfaa abbaltii dansa qabaniif hariiroo cimaa ummachuun rakkisaa tahuu hin qabu. Garuu kanneen baroota darban haaloo walirraa qabaniif, yaa’a aagii tufsiifatanii garaa qulqulluun walii dhiisuu fi kan darbe irraanfachuu gaafata. Amma jeeqammi malbulchaa guddaatu Gaanfa Afriikaa keessatt muldhata. “Arfaasaan Arabaa” (Arab Spring) karaa xinxaltooti malbuchaa hedan irra hin deemne. Abbaa hirroota Baha Gidduu fi duuba Garba Diimaa jiran in mancafne. Caalaattuu diigamaa, roorroo mirga ilmoo namaa fi fixaqacee fiddee dhufe. Carraan misoomaa fi tasgabbii dhihoott hin muldhatu. Finnooti hundi, empayera Itoophiyaa fi kan itt marsanii jiran dabalatee bishaan danfaa keessa jiru. Hundi saanii ilmaan namaatt roorrisuu, misaan duubatt hafina fi nagaa fi tasgabbii dhabuun laaqamanii jiru. Hedduu saanii keessatt fixiqaccee deemaa jiraa. Sun calaqee haala addunyaa guutuu keessa jiruutisii. Yoom akka dhoohu kan himuu dandahu hin jiru, garuu qilleensa keessaan kan namatt dhagahamuu akka fagoo hin taane.
Warraaqxota Oromoof dhimmi saanii battalaa, waa’ee gadadoo ummata ofiiti. Kumkumooti guyyuu hidhaatt guuramaa jiru. Kumooti du’aa fi guraarama dheessuuf gara itt gala hin beekamnee, garbichummaa fi dhiyaana qurxummii gabraa fi manyaa tahuun isaan eeggatutt baqataa jiru. Hidhamtoota hiikuuf irbuun seenamuu yeroo bitachuu qofaafii. Namooti dhimma baasan malbulcheesitooti bilchina qabanii fi dargaggoon jajjaboon ammayyuu “Wahinii” keessatt dararamaa jiru. Waamicha mirga ilmoo namaaf utuu hin tahin naannaa irratt ilaaluuf tokko tokkoon gad dhiisuu ni dandahu taha. Akka himamutt, namooti kufaatii Dargii kaasee hidhaman jiru jedhama; keessaayyuu miseensoti ABO. EPRDF demokraatawaa akka hin taane beeku addunyaan fakkeessuu hin qabu. Akka seeran bulmaatatt amanu utuu hin tahin fedha dhipoo saba ofiif deggeraniin nutis beekna isaanis beeku. Deggersa saaniin malee silaa guyyaa tokko hin bulu. Gibira baasota biyyoota hundaa, kanneen nagaa jaallataniif mootummooti saanii akka nama tahan, dhiibbaa irratt godhaniif waamicha haa tolchinuufii. Waliigalatt empayerri Itophiyaa biyyoota addunyaa hiyyeeyyii gad hanoo keessaa tokko. Yeroo Baankiin Addunyaa fi IMF waa’ee misa nato lamaa GDP (walitt qabaa homisha biyya keessa) dubbatan waa’ee waan hin qabamnee fi lafa irratt hin mullannee fakkaata. Kara deemaanillee kan argu nama beela’e, daare fi da’o hin qabne. Dhugaan jiroo kanaa misoomich eenyuufii? Waan nammi taraan hin qayyabanne fi akka waan gidiraa saaniitt qoosamaa jiruuttuu fudhachuu dandahu. Hamilee mormituu saanii cabsuuf ofaangessootii meeshaa godhataa jiru. Itophiyaa nuti beeknu deegduu fi dhibeen faalamtuu, jireenya fayyaa qabeenyaaf waan barbaachisu hunda hin qabne.
Nadheen waraabbachuu kan dandahan bishaan yaa’u qulqulluun dhiheenyatt waan hin jirreef, isa faalameyyuu argachuuf karaa fagoo deemu qabu. Haddhaan qonnaa daldalaa fi warshaa keessaa yaa’u beelladaa fi ummata ajjeesaa, dhalattuu fafeessaa jira. Bokoki horii callaa (inflation) deettii ariitiin olkaahee Birrii gati hin qabnee gochuun, wayyaba humna waa bittaa dhabsiisaa jira. Gita kam yk murna kam yk korporeeshina kamtu misa camii hin qabne, foolii fi hallu hin qabne kana irraa buufata laata? Oromoon, lakkoofsa saanii fi qabeenya dhalootaa saanii dhabsiifamuu irraan kan kahe ba’aa garri caaluu isaanitt fe’amee. Kun ibidda moormichatt qoraan dabaluun duwwummaa labsa misa diinagdee san saaxiluun waan hin oolle. Yoo GDP waan jedhamu sana mimicciranuu bilisummaan dhalachuu waan hin hafneef faayaa saanii Afrikaa keessaa, EPRDFiin baraarun hin dandahamu. Xumuruuf, Afriikaa Saaraa gad jirutt Oromiyaan dilormaa, ballina lafaa, fi qabeenya uumaan biyyoota guguddoo keessaa tokko. Garuu Oromoon, durooma qabeenyaa fi dilormaa hoomishaawaa tahanuu, ummata hedduu itt roorrifame, deegaa fi dhukkubi itt baayyatu fi ilmaan namaa moggeeffamanii. Keessummootaa fi kun walfincilaa tahuu ni dandaha, garuu dhugaan kanuma. Birmadummaa saanii kolonummaa saba bucuu anga’oota yerosiin deggeramuun jaarraa 19faa keessa bara Hirmaata Afriikaa dhabe. Of irraa ittisa ijaarame 60moota keessa eegalee hanga hardhaatt itt jira. Amma qabsoon saanii tuqaa olhaanaa gahuun empayera Itophiyaa raasaa jira. Yeroon Gaanfi keessa deebi’amee ijaaramu gahaa jira jechuu dha. Jijjiirammichi nagaan gagg’eeffamuuf fedha dansa saba koloneeffataa, michoota saa garba gamaa fi kolonootaa gaafata. Feedha tokko tokkoon saanii seerawaa walii qayyabatanii rakkina jirufi naannaa diriira dhoofsisaatt furmaata soquuf qophaawuu saanii agarsiisuu qabu.
Feedha tokko tokkoon saanii seerawaa walii qayyabatanii rakkina jirufi naannaa diriira dhoofsisaatt furmaata soquuf qophaawuu saanii agarsiisuu qabu. Sun dadhabamnaan nagaan waliin jiraacha barbaaduun karaa dadhabissisaa qabachuuf deema. Bilisummaan Oromoo waan qananii miti; garuu dhimma akka ummataatt ulfinaa fi surraan baraaramuutii. Bara teknoolojiin iyyaatii guddaa mise kanatt, kaasaa Oromoo, seenaa roga dhabsiisuun xiqqeessanii dhiheessuu yaaluun dhimma hin baasuu. Amanamuu fi qulqullommi garaa kan dhimma qaban hunda irraa eegama. Oromoon suduudaan yk karaa iddoosota saanii ofiif dubbachuu ni dandahu. Kanaaf keettoleen diinaa dubbachuufii hin hayyamanii. Dhugaa fi qajeeltuun irra haanu! Ulfinaa fi surraan gootota kufaniif; walabummaa, walqixxummaa fi bilisummaan kan hafaniif; nagaa fi araarri Ayyaana abboolii fi ayyoliif haa tahu! Ibsaa Guutama Amajjii 2018
Shororkeessaan Eenyu? Baarentuu Gadaa Irraa Shororkeessaan eenyu? isa akkamiititu shororkeessadha? Isa walqixxummaaf falmu, isa mirga saba isaaf qabsaawu, isa dimookiraasii dhugaaf dubbatu moo isa biyya namaa weeraree mirga uummamaa fi dimookirsii namaa sarbee saamicha gaggeessu dha? isa dhugaaf dhaabbate moo abbaa irree waraana amma funyaanitti hidhate bobbaasee maaf mirga keessan gaafattan jedhee nama fixuudha? Eenyu shororkeessan? Isa ajjeechaan haa dhaabbatu jedhee dhugaaf falmu moo ? Isa barataa, barsiisaa, daa’amaa guddaa, jaarsaa jaartii karaarratti rashanuudha? Eenyu shororkeessaan isa mirga abbaa biyyummaa isaaf falmu moo? Isa sisaamu malee jedhee ajjeechaa raawwatuudha? Kami shororkeessaan? Gaafiin kun gaafii wal xaxaa fi wal nama mormisiisuu miti, nama gorora liqimsee mitii daa’imti sabiyyiin kan deebiftuudha. Eeyyee gaafii ifaa fi eenyuuyyuu salphaatti deebisuu danda’uudha. Shororkeessaan isa uummata biyya isaa irratti bahaa gala dhorku, murna ykn mootummaa fedhii uummataa malee humnaan aangoo qabatee isin bulchu malee jedhuudha, Shororkeessaan isa uummata mirga isaaf falmu ajjeesudha. Gooleessaan isa qabeenya uummataa afaan qawween irra dhaabbatee saamuu fi saamsisuudha. Shorkeessaan isa xiqqaa guddaa, dhiiraa dubartii waraana itti bobbaasee karaarratti ajjeesisuudha, Shorkeessaan isa mirga namaa uukkaamsee nama fixuu fi hidhee dararuudha. Shorkeessaan isa mirga uumaaa fi dimookiraasii namaa uukkaamsuudha. Hiikni shorkeessaa inni beeknuu fi addunyaan irratti walii galu kana. Murnas ta’e mootummaa yakkoota akkanaa saboota irratti rawwatu shororkeessadha.
Kanaaf uummanni Oromoos Wayyaaneedhaan shororkeessituudha jedha, kanaaf irrattis qabsaawaa ture, qabsaawaas jira. Wayyaaneen murna uummata Oromoo irratti yakka shororkaa raawwachaa turteedha. Wayyaaneen shorkeessituudha. Wayyaaneen murna humnaan aangoo qabattee, aango kanarra turuuf ammoo shororkaa raawwachaa jirtuudha. Saboota biyyattii addatti ammoo uummata Oromoo mirga isaaf falamatu irratti yakka raawwachaa turte. Jumlaan ajjeesaa, hidhaa fi dararaa turte, ittis jirti. Wayyaaneen saamaa jiraachuuf jecha yakki uummata Oromoo irratti hin raawwatin hin jiru. Uummanni Oromoo guyyaa Wayyaaneen aangoo shiraa fi afaan qawweetiin qabatteerraa kaasee akkuma dura dhaabbateetti jira, murna saamichaaf aangoo humanaa fi shiraan qabattee ta’uu waan dursee hubateef kaleessaa amma har’aatti kunoo falmii walirraa hin cinne irratti gaggeessaa jira. FXG dabalatee ilmaan isaa qabsaawoonni/qeerroon qabsoo xumura gabrummaa irratti gaggeessaa jiru. wareegama kaffalmaa tureeniis kunoo uummanni Oromoo injifannoolee cucculuqoo gonfateera. Murni mootummaa ofiin jettu Wayyaaneen FXG fi qabsoo hidhannoo uummanni Oromoo dhaaba isaa ABO fi ilmaan isaa qeerroo waliin irratti gaggeessu kana dhaamsuuf yaaliin hin taasisiin hin jiru. Ilmaan Oromoo sabboontoota saba isaaniif quuqaman kumootaan hidhaa, kanneen mirga abbaa biyyummaa Oromoof qabsaawan, ajjeesaa fi dararaa turtee jirti. Kanneen eessa buteen isaanii dhabames danuudha. Walumaa galatti haa milkaawuu baatuuf malee wayyaaneen humnaan qabsoo uummanni Oromoo mirga abbaa biyyummaa isaaf taasisu ukkaamsuuf yaaltee jirti. Haa ta’uutii Uummanni Oromoo addatti ammoo sabboontonni qabsaawoonni qaroon sabaa; mirga Oromoon uumamaan qabuuf falmaa turan , ammas falmaa isaanii caalatti cimsanii falmaa jiru malee akka Wayyaaneen kajeelte qabsoo isaanii hin dhaabne.
Maqa balleessiin shororkeessitoota jechuun gaggeessaa turtee fi hidhaa ajjeechaanis duubatti isaan hin deebifne. Saba Oromoo aamamaa jiru, saba Oromoo mirgi isaa cabee dhiitamaa jiruuf caalaatti falmaa jiru. Wayyaaneen dargaggoota qeerroo, qabsaaoota Oromoo mirga saba isaaniif qabsaawaa turanii fi jiraniin shororkeessitoota jechaa turteetti, hedduus kanaan yakkitee ajjeeftee jirti, mana murtii ishii kan fakkeessiittis dhiheessitee du’aa amma humrii guutuu itti murteessaa turtee jirti. Kanneen eessa buuteen isaanii dhabame, kanneen biyyaa baqachifamanis akkasuma lakkoofsa hin qaban. Har’a garuu uummanni Oromoo of ittisuurraa gama haleellatti cehee jira. Qabsoo mirga abbaa biyyummaa gaggeessaa jiruun Wayyaanee shororkeessaa jira. Kunoo osoo hin jaalatin dirqamtee holola sodaarra madde hololaa jirti. Dhiphattees akuma argaa fi dhagahaa jirru kanneen hartee hidhaa turte gadi dhiisaa jirti. FXG uummanni Oromoo waggoota hedduuf gaggeessaa ture, qabsoon ABO /qeerroon finiinaa ture firiin muldhacha jira. Eeyyee uummanni Oromoo wayyaaneen holola sobaa fi sossobaa adda adda gaggeessitus didee fincila itti fufeera. Kunoo lagannaa gabaa, uggura geejjibaa, hojii dhaabuu gaggeessuun sirnicha caalatti dhiphisaa jira. Wayyaaneen ofii shororkeessituu taatee uummata Oromootiin addatti ilmaan isaatin Shororkeessaa jechaa turte har’a saaxilmatee qaana’aa jirti. Salphachaa jirti, qabsoon Oromoo qullaa isii dhaabaa jira. Miseensonni dhaaba goleessituu tanaas kanneen OPDO ta’uun tajaajilaa jiran dabalatee yeroon itti addabaabaayi dhugaatti dhihaatanii kan harka isaanii argatan fagoo miti. Shakkii malee qabsoon keenya cimee itti fufnaan dhidhimni Wayyaanee hin oolu.
Akkuma hunduu beekuu fi quba qabuu murni gooleessituun tun fakkeessiif yeroo ammaa kana hidhamtoota hike, tarkaanfii akkanaa fi akkasii fudhachaan jira jechaa jirti.Jaalattee osoo hin ta’in dirqamtee ilmaan sabootaa addatti sabboontoota Oromoo dharaan yakkitee manneen hidhaatti waggootaaf guuraa turte jaalattee osoo hin taane dhiphattee hiikaa jirti. Murni gooleessituun tun osoo du’aa jirtuu maqaaf jira jechuuf namoota dirqamtee hiikaa jirtu kana yoo unka qopheessitee nuti shororkeessitoota turre, ammaan achi itti hin deebinu jedhaatii mootumma kiyyaaf mallatteessaa jechaa jirti. Haa ta’uutiii gama kanaaniis hin milkoofne. hidhamtoonni hunduu shorkeessaan kan mirga uummattootaa sarbee, sabbooontoota hidhaa fi ajjeesaa, dararaa fi saamicha gaggeessaa jiru jechuun harkatti busheessaniiru. Qaanessaniiru. Caalaatti akka dhiphattu taasisaniiru. jaalttee osoo hin ta’in dirqamtee hidhamtoota muraasa ta’anis hiikuu itti fuftee jirti. Kun ammoo Oromoof injifannoodha, kun ABOf injifannoodha, kun qeerroo bilisumaa Oromoof innifannoodha. Amma mootummaan faashistiin,murni Shororkeessituun waggoota 26n darbaniif uummata Oromoo goolaa turte dhumafii jira. Guyyaan itti dhidhimtu dhihaachaa jira. Dhaabni sabboontoota haqaaf qabsaawaniin shorkeessitoota jechaa turte sobduu ta’uun, shorkeessaan ishii ta’uun addunyaaf ifa ta’eera. Kun ammoo kufaatii ishii saffisiisaa jira. Guyyaa kufaatii ishii kana caalaatti saffisiisuu fi dhiheesuuf ammoo qabsoo itti jirru qabsoo roga maraa, FXG ABO/qeerroon durfamu gama maraanuu akka cimu waan nurraa eegamu bahachuu qabna. Amma murni shorkeessituun tun gateettii ummata keenyarraa butuutti qabsoon keenya caalaatti cimuu qab.
Amma murni shorkeessituun tun gateettii ummata keenyarraa butuutti qabsoon keenya caalaatti cimuu qab.
Wjjira MM Nafxanyyaa keessatti kanneen shira xaxan saaxilaman Shirri kalee Waajjirri MM keessatti beekkamtii MM akka xaxameef, itti aanaan MM fi hoogganaan paartii ADP Obbo Dammaqaa Mokonnin police commissioner waliin akka hoogganee raawwachiisuuf yaalee himamaa jira. Poolisiin Addaa MNA keessatti hirmaachuun himamaa jira. Fashalaahuun shira kana ADP keessatti dallaansuu fi abdii kutannoo guddaa uumee jedhama. Carraan qabsoo Oromoo dhaamsuu fi olaantummaa Amaaraa deebisuu harkaa nu bahee jedhan. Karoora kana hooggantoonni MNA wal ijjeessuun dura kan turee jedhama. Silaa Sagantaan kun akka karoorfameetti osoo deemee Waajjira OMN too’achuuf karoora ture. Dhaaduun hoogganaan MNA dhiyoo gaazeexeessaa OMN Dejene Gutema dhaadate kanaan walqabachuu hin ooluu jedha keessa beekaan iccitii kana naaf qoode kun. Qorannoon waajjira MM fi MNA irratti xiyyeeffachuu qabaa jedhe. Taarkaaffiin Abiy fudhatu—hagam tokko inni waan kana harka keessaa qabu ni mullisa. Waajjirri mm dubbii kana faana balleessuuf OMN fi Jawaar irratti duula ololaa ballaa banuu deeman. Duula ZeHabesha, Esat, Ethio 360 fi miidiyaa Habashoota guddaa achirraa qopheessan. Akka Jawaar waan kana uume, akka inni itti gaafatamaa ta’e, waraana amantii fi waraana sabaa Naannoo Oromoo akka ka’u irratti xiyyeeffadhaa hojjadhaa, MM qusadhaa jedhaniin. Falmii Qeerroo yoo hin dhaabbannee ta’e, falmii bataskaanaa Ortodoksii yaamna, achii booda mootummaan kun ni dhoowaa, angoo harkaa fudhannaa jedhanii yaadan jedha keessa beekaan oduu kana naaf qoode. Abin, Ezema fi ADP waliin hojjachaa jiran. Kun kanuma osoo jiru ODP haala kana irratti bakka lamatti qoodamutti mullata. Warri Jawar Mohammed araarfannaa jedhuuf warra duula irratti banuu fedhu. Gabaasa kana ballinaan bor live qabadhee dhufa.
Gabaasa kana ballinaan bor live qabadhee dhufa.
Gurguddoon Oromoon hariiroo Toophiyaa waliin qaban taliila gochuu qabu Daddaaqinni tokko tokko karaa sirrii jalqaban irraa Oromo maqsuun haafa Nafxanyaa tuffachiisaani jira. Eegeetu rakkisaa jira yoo tahe of irraa kutu dha. Itophiyaan gola barbaadde qabaachuu dandeessi. ISAPA, ADWUI, EPP hundi jaarmota Itophiaati. Oromoof hundi saanii meeshaa ukkaamsaati. Qabattee kana irratt, eenyuu Oromoo xaxaa hin bahamne keesa akka galchu hayyamamuu hin qabu. ABUT Dargiin akka kufu erga baree Tigray alatti kan dorgomuu dandeessisan boojuu waranaa Kibbaa, Amaaraa fi Oromoo keessaa jaarmaa isaan toohataman ijaaree. Akkasitt ADWUI tolchuun maqaa saatiin aangoo qabate. Humnaan of filchiisaa hanga yoonaa aangoo irra jira. Jara ummatoota biraa keessaa ijaare Gargaartota jedhee moggaase. Kurnan sadii darbaniif ABUT hirree cimaan hunda saanii kan ADWUI keessa jiranis hin jirres masakaa ture. Seenaan duubbee saanii fi jireenyi tajaajiltummaa waloo ABUTii qaban gola fulduratt uumamu, EPPf walitt isaan hidhuuf deema. ABUT balleessaa sabootaa fi sabaawotaa keessatt tolche hunda isaanitt dhimma bahuun dhaqabsiise. Nama waan tahaniif miseensoti OPDO tokko tokko, ADWUI keessa walqixxummaa sobaan jiraachu yeroo nuffan ummata ofiitt baqachuun didhuu dandahan. Isaanis dhiibbaa qabsoo dargaggoo Oromoon ADWUI keessatt taheen OPDOn ABUTn bakka buhuu dandahe Maqaa ABUT baaseef OPDO dhiisee ODP tahe. Amma ADWUIn hafee, Gargaartuu dabalatanii gola EPP jedhamu taana jedhaa jiru. Oromoo sossobuuf “E” duraa dhossanii qaata “PP” qofa agarsiisuutt kahanii. ABUT murtoo kana keessatt qooda hin fuddhu jedhe. Dhaba inni ijaare jigsuun maal fida laataa? Jarri Gargaartota jedhaman nutis Mummicha Ministeera tahuu ni barbaanna waan jedhaniif gola haaraa keessatt akka baqan hayyamameefii jedhamee.
Ergi ni fanfanamu tahe ADWUItt maltu isaan hidhe? Afaan kaa’aamoo ulee dha laata? EPPn karaa tokkicha waajjjira MMitt geessu akka tahu yaalamaa jiraa laata? Waan taheefuu, EPPn dhalachuun Oromoo ni galchamoo hin galchu kan jedhu bakka dhaabbannee ilaallu irratt hirkataa. Haala duree malee Itophiyummaa kan fudhatan ni dhiba taha. Kanneen Itophiyaa yoo taane, dhoofsisaa booda jedhaniif dhimma saanii mitii. Isaaniif abbaa biyyummaan Oromoon Oromiyaa irratt qabanii fi mirgi hiree ofii ofiin murteeffachuu waan dhoofsisaa dhihatan miti. Dhaaboti EPP tahan, dhaabota Itophiyaa, ulee ABUT turanii. Garuu OPDOn Garee Lammaan hogganamee mormii Oromoott yoo dabalamu kan of jijjiire fakkaatee ture. Qabsoon Oromo erga aangoo irra baasee booda garuu, hirree Habashaa Oromiyaa irratt jabeessuutt bobbahe. Isa aangoott fiduuf kan miidhamaniif humna hiruu fi beenyaa baasuun hafee, ijoollee Oromoo biyya Amaaraatt ajjeefamaa, itt roorrifamaa jiraniifillee hin dhaqabneef. Kanaaf EPP ijaaruun saa Oromummaa lagachuu fi Itophiyaa Dullatii jabeeffachuu saa agarsiisa. Oromoo irraa kan eegamu tukkummaan jaarmaa cimfatanii rakkina abdattuun Nafxanyaa, akkasumas EPPn itt fiduu dandahu irra haanuuf sonaawuu dha. Ummatooti kibbaa Oromiyaa waliin kufan, akka waliin kahanii mirga ofii irraa hamaa ittisuuf harka wal qabachuun qaama tarsimoo Oromoo tahuu qaba. Oromoon waraana isaan eegutt, Abbaa Duulaa tokkoon bobbahuun filmaata biraa hin qabu. Hogganooti dhaabota Oromo wareegammi kanaan dura tahe akka hobbatii dansa qabaatutt ammas kennanii waan injifannoo argamsiisu qofa irratt xiyyeeffachuu dha. Sirna Gadaan, Yuba fi Lubaatt wal qoodanii bobbahuu dha. Raabaa fi Dooriif Qeerrantii fi Qeerroo jabeessanii hoggansa kennu malee jari qophee dha.
Raabaa fi Dooriif Qeerrantii fi Qeerroo jabeessanii hoggansa kennu malee jari qophee dha. Gita bittuu malbulchaa fi amantee utuu hin tahin, ummatooti empayeritt suduudaan wal arganii hariiroo saanii egeree irratt murteessuu akka dandahan ifaja’uunis tarsiimoo saaniitt yoo qabatan gaarii dha. Waan halleefuu hariiroo Itophiyaa waliin qaban irratt garlamee tahuun moo’amuu waan fiduuf, utuu hin daddaaqin ejjennoo ofii taliila gochuu dha. Ummatoota biraa waliin walqixxummaa, bilisummaa fi obbolummaan jiraachuun Oromoof anjaa qaba. Garuu durfannoon dura of tahuun dha. Oromiyaan haa jiraattu! Barruu Duubaa: Maqa balleessaa fi arrabsoo Badiin Amaaraa Washingon DC jirtu 11/23/19, san duras Finnoota adda addaatt Oromoo fi sabboonaa saanii Jawaritt buufatte raga bahuu duuba, Oromoon of kabaju kamuu, hanga isaan jecha maqaa saaniitiin saba Oromoo irratt godhame kana balaaleffatanitt dhaabota maqaa Itophiyaa qaban kamiinuu hariiroo uumuu hin qabu.
Qabsoon Bilisummaa Oromoo eessaa ka’ee garamitti deemaa jira? – Qormaatota kaleessaa, kan har’aa fi kan boruu – Berhanu Hundee Kutaa Sadaffaa Barreeffama kutaa lammaffaa keessatti diinotni Qabsoo Bilisummaa Oromoo (QBO) kan keessaa fi alaa eenyu akka ta’an iddoo fi gareelee adda addaatitti baafamanii gabaabinaan ibsamanii jiru. Dabalataanis jaarmayootni, gareelee fi namootni yookaanis Aktivistootni Oromoo tokko tokko kaayyoo qabsoo kanaatiif hiika hin taane kennuudhaan, galiin qabsichaas akkasuma akka dogongoraan laalamu akka godhaa jiran barreeffama sana keessatti ibsamee jira. Barreeffama kutaa sadaffaa kana keessatti, qormaatota QBO har’a jiran keessaa osoo hin bahin, dhimmoota tokko tokko dabalataan ibsuun yaala. Kaayyoon jaarmayoota siyaasaa Oromoo wal faallessa moo wal tumsa? Gaafiin kun baay’ee ulfaataa fi walxaxaallee akka ta’e nan hubadha. Yeroo ammaa kanatti gaafii akkanaa kaasuun barbaachisaas hin ta’u warri jedhanis hin dhabaman ta’a. Haa ta’u malee, diinotni fi gargaartotni diina QBO gaafii kana micciiranii Oromoo jidduutti rakkoo akka hin uumne, ofeeggannoodhaan dhimma kana laaluun baay’ee murteessaa dha. Karaa biraatiin yoo laalme immoo, yoo har’a rakkoolee jiran wal hin hubachiisne; yoo mana keenya qulqulleessuu hin calqabne, boru rakkoolee biroo keessa seenuuf waan deemnuuf, wanti kuni immoo egeree Oromoo fi Oromiyaatiif gaaga’ama fiduu mala. Kanaafuu, sodaataniis rakkoo jiran dhoksuun uummata keenya miidha malee faayidaa waan qabu natti hin fakkaatu. Gaafii armaan olitti ka’e kanaaf deebii osoo hin barbaadne dura, jaarmayoota siyaasaa Oromoo biyya keessas ta’ee biyya alaa yeroo ammaa jiran, kan diinarraa walaba ta’anii jiran, iddoo ykn bakkee gurguddoo lamatti baasnee laaluu ni dandeenya.
OPDOn isaan kana keessa jirti moo hin jirtu? gaafiin jedhu ka’uu mala. Jaarmayaan kun ammaaf walaba waan hin taaneef, ibsa kiyya kana keessa hin galchu. Fuulduratti garuu dhimma kanarratti yaada kiyya nan dhiheessa. Gareelee gurguddoo lamaan kun: Asirratti sababni ani jecha “Diimookraasii” jedhu itti dabaleef, warri garee kana keessa jiran kaayyoon isaanii Itoophiyaa diimookraatessuuf waan ta’eef malee, humnootni garee A) keessa jiran diimookraasiitti hin amanan jechuu kiyya akka hin taane hubachiisuun barbaada. Egaa, jechootuma “Humnoota Bilisummaa Oromoo” kan jedhanirraa yoo kaane, humnootni garee lamaaniituu wanti isaan waliin qaban (kaayyoon waloo) uummata Oromoo bilisoomsuu jechuu natti fakkaata. Erga kaayyoo waloo kana qabaatanii immoo, wanti isaan walfaallessiisu hin jiru jechuu dha. Hundi isaaniituu uummatuma kanarraa dhalatan; maquma uummata kanaas moggaafatanii jiru; uummatuma kanaaf dhaabbana jechaas jiru. Maarree, waan waloo tokko akka kaayyo yeroo gabaabaatti fudhatanii waliin hojjechuurra waldura dhaabbachuu maaltu fide? Moo sababaalee birootu jiru? Waliigaltee dhabuun kunis akka qormaata QBOtti laalamuu danda’a. Mana ofii qulqulleeffachuun asirraa calqabuu waan qabuufi. Karaa biraatiin yoo laalamu immoo, akka laalcha fi hubannoo kiyyaatitti, wanti isaan walfaallessiisu galii QBO isa xumuraa (final goal of the struggle) ti jedheen yaada. Warri garee A) keessa jiran, akkuma maqaan ani asitti kenneef agarsiisu, bilisummaa uummata Oromoo argamsiisuu qofaa osoo hin taane, gaafiin Oromoo inni bu’uraa gaafii “Kolonii” waan ta’eef, biyyi koloniidhaan qabamte takka immoo walabummaa ishii argachuu qabdi jedhanii warra amanani fi isa kana mirkaneessuufis qabsaa’aa jiranii dha.
Xinnaatee yoo xinnaate, uummatni Oromoo hiree isaa ofiin/ofiif murteeffachuu qaba warra jedhan natti fakkaatu. Akka yaada kiyyaatitti inni kun adeemsuma sirrii ta’ee dha. Maaliif yoo jedhame, filmaatni fi murtiin xumuraa kan uummata bal’aa Oromoo waan ta’uufi. Warri Itoophiyaa diimookraatessinee, isa kana keessatti gaafiin Oromoo ni deebi’a jedhan, isa kanaaf qabsaa’uuf akkasumas galiin xumuraallee isa kana wayya jechuuf mirga qabu. Haa ta’u malee, seena biyyattii tanaa wajjin walqabatee yoo laalame; madaa uummatni Oromoo madaayaa har’a gahe kana galiin xumuraa warra garee B) ittixiyyeeffatan kun fayyisuu danda’aa? kan jedhu gaafii guddaa biraa waan uumu natti fakkaata. Erga biyyattiin tun humnaan ijaaramtee kaasee hanga har’aatti ofiif bu’aa tokkollee osoo hin argatin biyyatti tana jiraachisuuf kan akka Oromoo ittwareegame sabni ykn uummatni biraa hin jiru. Waaffalli uummata keenyaa har’a kunoo duguuginsa sanyii Oromoo ta’ee jira. Kana booda Oromoof maaltu dhufa jedhanii ofgaafachuun baay’ee barbaachisaa dha jedheen amana. Kanaaf, rakkoo guddaan mooraa keenya keessa jiru akkaataa nuti haala biyyattii sanaa fi seenaa Oromoo walbira qabnee laallu fi hiika kenninuufii dha. Hanga ka’umsa rakkoo qabsoo kanaarratti walii hin galamnetti; hanga galii waloo tokkorratti walii hin galamnetti; hanga tooftaa fi tarsiimoo waloo tokko hin qabaannetti, qormaatni qabsoo kanaa babal’achaatuma deema malee waan hir’atu hin fakkaatu. Yoo rakkoon kun bifuma kanaan itti fufe immoo, mana keenya qulqulleeffachuun hafee, kan jiruu diigamuuf deema jechuu dha. Haal akkanatti walxaxaa ta’e kana keessatti jijjiiramni tokko akka tasaa kan argamullee yoo ta’e, waan ittti hin qophoofneef, ammas carraan biraa nu dabruuf deema jechuu dha.
Haal akkanatti walxaxaa ta’e kana keessatti jijjiiramni tokko akka tasaa kan argamullee yoo ta’e, waan ittti hin qophoofneef, ammas carraan biraa nu dabruuf deema jechuu dha. Akkuma seenaan biyyattii sanaa agarsiisu, yeroo hunda jijjiiramni tokko yoo dhufu, humnoota hin yaadamnetu carraatti fayyadamu. Waan ta’eef, qormaatota har’a jiran keessaa inni guddaan jaarmayootni siyaasaa Oromoo kaayyoo fi galii waloo tokko dhabuu isaanii akka ta’u kun hundaafuu ifa ta’uu qaba. Hanga jaarmayootni fi gareeleen Oromoo waan walfaallessan hojjetanitti, uummata keenya afaanfaajjessuun ittuma fufa. Afaanfaajjii fi haala dogongorsaa ta’e kana keessatti immoo kan carraa gaarii argatan diinota QBO ti malee buaan uummata keenyaaf argamu hin jiu. Maaliif dhugaan kun hubatamuu dadhaba? Maaliif rakkoo mana keenyaa furachuu dhiisnee mooraa alagaa keessa tumsa biraa barbaaduu deemna? Humna Oromoo tuffanne moo ofitti amanummaa keenyatu hin jirree? Uummatni Oromoo jijjiirama tokko fiduuf waa hundaa akka qabu mul’isaa yeroo jiru kanatti, humna saba guddaa kanaa fedhii isatiif oolchuun dagatamee maaliif fedhii ormaatiif haa oolu jennee uummata keenyas ficcisiisna? Oromoo ofgaafadhaa!!! Rakkoon mooraa keenyaa gama biraatiin yoo laalame immoo, rakkoo kaayyoo fi galii qofaas akka hin taane ni hubatama. Akkamitti yoo jedhame, jaarmayootni ykn gareeleen Oromoo kan kaayyoo fi galii tokko ykn walfakkaata qabanis tokkummaa uumanii humna jabeessuu hin dandeenyee bar!! Kun maaliif ta’e? Fedhii uummataa caalaa fedhii dhuunfaatu jiraa? Gaafiilee kanaa fi kan walfakkaatan akkasumas dhimmoota gaafiilee kana wajjin walqabatan kutaa itti aanu keessatti laalla. Hanga walitti deebinutti nagaan turaa! Ulfaadhaa!
SEENAA GABAABDUU GABBISAA (ABDURAZZAAQ YOONIS SIIDOO) 1944 – 1978 Ebla 06, 2018 Abbaa Urjii tiin: Qabsoon bilisummaa ummata Oromiyaa arra sadarkaa amansiisaa fii, if booda deebi’uun hin malle geeysee jirti. Arra sabni Oromoo guddaan akka arba ciisutti sodaatamaa ture, bahaa-dhihaa fii kaabaa-kibbaan if baree, waliis baree, arbummaa, bilisummaa fii abbaa biyyummaa Oromiyaa falmachaa jira. Qabsoon sadarkaa fii haala kana qabaachuu isii tiif wal’aansoo hadhooytuu, dheertuu, wareegama qaalii fudhattee tu gaggeeyfame. Haala kanaan, amna wal’aansoo tan diiramaa keessatti guca dakkana tahuun warra xurree qabsoo bilisummaa ibsan keessaa tokko Abdurazzaaq ykn Gabbisaa dha. Gabbisaan abbaa isaa Yoonis Siidoo fii haadha isaa Zeeynabaa Burushee Karrayyuu irraa Godinaa Baha Oromiyaa, Aanaa Kombolchaa, Araddaa Fal’aanaa Ganda Dhaadheeysaa ja’amutti, toora bara 1944, dhalate. Akka umrii kaa’imummaa gayeen, haalli jiruu Gabbisaa naannoo itti dhalaterraa sossoosee magaalaa Hara Maayaa qubachiise. Hara Maayaa keessatti odoo hujii hodhaa huccuurratti bobbahaa jiru, namoota ifii dammaqanii hawaasa dammaysan keessaa tokko tahe. Hujii isaa tanaan dafkaan buloota magaalaa Hara maayaa fii naannoo isii jiran lafa jalatti Oromummaan dammaysuu fii jaaruu irratti sossooha bara 1975 fii 1976 godhamaa ture keessatti qooda guddaa gumaache. Odoo tana keeysa jiruu, mootummaa Soomaalee tii fii tan Dargii jidduu lolli jalqabe. Akkuma lolli ka’een waraanni Soomaalee maqaa Adda Bilisummaa Soomaalee Dhihaa tiin gammoojjii Ogaadeen dhunfate. Haalli kuni, Dargii biraa taree, hortee nafxanootaa kanneen Minilik naannoo Baha Oromiyaa qubachiise garaa gubutti seene.
Biyya abbootiin isaanii dhunfata jala galchaniif Soomaaleen irraa fudhachuun jara haalaan dallansiise. “Harree dadhaban gurboota dhawan” akka baananitti, jarri dallansuu isaanii hawaasa Oromootti bahuu jalqaban. Gochi isaanii kuni, sab-boonota Oromoo hedduu keessatti anaannata uumee, haala kana keeysa, qabsoo bilisummaa tiif hidhachuuf, karaa waraana Soomaalee yaase. Sab-boonota haala kanaaf qe’ee deeman keessa tokko Gabbisaa tahe. Yaroo tanatti, Gabbisaan, nama bultii jaarrate, kan itti gaafatama haadha warraa malees, kan ilmaanii ceekhuurra qabu ture. Akkasumaa waliin, roorroo diinni saba isaarratti hojjachaa jiru arkaa fii dhageeytii jibbee, jiruu isaa tii fii tan maatii caalaa tan sabaa dursuun, mana oowwaa fii bultii bareeddutti duuyda galee, jalqaba bara 1977, qabsoo bilisummaa ummata Oromiyaa tiif Hariirotti qaceele. Hariiro lafa Oromiyaa tan Hara Maayaa irraa fageenya km 78, timjii Soomaalee irraa km 120 qabdu, tan yaroo sanitti waraanni Soomaalee qabatee, qarmaammee leenjii irratti jaarrate turte. Gabbisaa fii kanneen waliin gamas deeman yaroo achi gayan, waraana Soomaalee tiin gaafii malee gammachuun simatamanii, leenjii toftaa lolaa hatattamaa irratti bobbaafaman. Akka barnoonni barbaachifamu kennamee fiin, Gabbisaan jaallan waliin dhaqanii fii kanneen achitti wal arkan waliin hidhannoo guutuun, Hariiroo-rraa ka’anii Jaldeessaa fii Eeguu keessa hulluuqanii, dhuma walakkaa bara 1977, Sumsuma Muudaa qubatan. Achirraan Gooroo Aaw-Nugus gubbaan Baatee fii Hara Maayaa haroo gamaan daawwatan. Gabbisaa fii qabsaawonni akkuma naannoo san gayaniin, isaan keeysaa sayliin takka, waraana Soomaalee (Sargoo) irraa adda tahuu isaanii beeysisuuf, magaalaa Baatee-tti duulan.
Duula kanaan, dhaadannoo, “Nuti Waraanaa Bilisummaa Oromoo ti!” jettuun waraana Dargii kanneen boolla (mishigii) keessa riphisaa turan irratti geeraraa bulan. Garuu, rasaasota ballaa, warra boolla keessaa jaraan irraa dhukaafaman, keessaa gariin, Rabbi rahmanta haa godhuufii, lubbuu Dhaqqabaa (Abbaas Baldaa) fii Usmaanee ganda Daammotaa galaafatan. Kaana booda, tarkaanfiin qabsaawonni dura fudhatan, Soomaalota saaminsaaf baadiyyaa keessa olii fii gad laban dhaabu ture. Warra maqaa daldalaa-tiin ooyrota nama keenyaa keeysa deemanii jimaa cabsan, qabeenya saamanii fii hawaasatti roorrisan, malaan Waaqatti galchuu jalqaban. Haala kanaan, yaroo gabaabaa keessatti, ummata baadiyyaa naannoo sanii, roorroo Soomaalotaa irrraa hara baafachiisan. Kana godhaa, haala waraana Soomaalee irraa itti buqqa’an irratti hojjachutti seenan. Baazuuqaa, qawwee, boombii, rasaasaa fii waan adda addaa, xiqqo xiqqoon jalaa mayfachuu hujii godhatan. Akkasiin, qophii gayaa booda, caasaa ajaja Sargoo jalaa buqqa’anii, gara Maayaa Guddoo tarkaanfatan. Achiin Maayaa Qallotti boraafatan. Oduun qabsaawonni ajaja Sargoo jalaa if bilisoomsuu daftee biyya keessa facaate. Oromoonni waraana Sargoo keessa jiran, akkuma oduu wal-faana dhagayaniin, tuutaa fii tokkeen irraa buqqa’aa karaa Karroo xiixan. Oduun warra waraanaa fii milishiyaa Dargii keessa jiraaniis hin hanqanne. Isaan keessaa-hiis, akkasumatti, warri mirga ifii tiif qabsaawuu murteeffatan fii kanneen dirqiin keessa nayxe, karayyuun Maayaa Qalloo-tti dhangala’an. Haalli kuni, warra waraana Sargoo fii kan Dargii gananii mooraa qabsoo bilisummaa ummata Oromiyaatti dabalaman baayyisee, Maayaa Qalloo seenaa isii tan gaafa Raabaa Doorii yaadachiisuu jalqabe.
Tana keeysa, Gabbisaan qabsaawota biroo waliin, waraana naannoo Maayaa Qallootti jaarame bakka bu’uun, Walgayii dirree qabsoo bilisummaa Oromoo tiif Idlee Duraa taate, tan irkata Bookee iddoo Saaqqata ja’amtutti Birraa 17 – 23, bara 1977 godhamte irraa qooda fudhate. Gabbisaa fii jilli waliin deeman gaafa walgayii irraa as deebi’an, haalli naannwa sanii jijjiiramee isaan eege. Wanni jijjiirama fide, waraanni Soomaalee kan biyya keeysa hulluuqee ture, waraana Dargii kan tin’isa Raasiyaa, Kuubaa, Yamanii fii Libiyaa arkateen injifatamee fiixeensa aduun itti baate tahuu dha. Qabsaawonni haala ummame kanarraa bu’aa buufachuuf Oromoota waraana Soomaalee irraa buqqanii fii miya jarri if duubatti dhiisanii biraa baqatan barbaadachutti seenan. Gabbisaa fii Saartuu (Maymuunaa Abdallaa) akka hujii tanaaf bobbahaniin, naannoo Dhandhama ja’amtutti harka Dargii seenuu mudatan. Yaroon, yaroo gammachuun injifannoo waraana Soomaalee Dargii macheeysite turte. San malees, yaroo gammachuu fii injifannoo isaanii walitti dhaabuuf, fuula isaanii gama qabsaawota lafa funyaan isaanii jalaa, Maayaa Qalloo, qarmaammee godhatan irratti duula karoorfachaa itti turani. Haala kana keeysatti qabsaawonni harka seenuun, Koloneel Zallaqaa Bayyanaa, Bakka Bu’aa Dargii, kan yaroo xiqqoo dura, Sargoo akka irraa haleelaniif qabsaawota gunachaa tureef milkii addaa taate. Zallaqaan, akka xiqqo tureen, hawaasa Oromoo, sab-boonotaa fii qabsoota hamilee cabsuuf, bara 1978 toora ji’a Adooleeysaa keeysa, Gabbisaa jaala isaa Saartuu waliin wareege. Gabbisaan, qabsaawaa lolee lolchiisuun Dirree Qabsoo keessatti jeeynummaan faarfame. Nama lubbuu isaa qabsoo bilisummaa ganamaa tiif kenne. Wareegamni waan manaa bahee fi.
Wareegamni waan manaa bahee fi. Diiyni isaa bilaashitti hin buune. Sabni inni lubbuu isaa kenneef, arra, galii inni wareegameef fiixa baasuuf, yoomiyyuu daran, Bahaa fii Dhihaan – Kaabaa fii Kibbaan; dhiiraa-dhalaan – xiqqaa-guddaan; dhaadannoo isaa, “Oromiyaan ni bilisoomtii!” dhawwaaqaa, sanii fiis wareegama barbaachisu baasaa jiru. Oromiyaan ni bilisoomti!
-Balbbal’ifannaan Daangaa Oromiyaa Kan Daangaa Somaalee qofa tureetu gara Naannoo Amaaraa fi Naannoo Affaaritti babbal’ate, Jijjiiramni dhufe kana, yoo Ummanni Oromoo kun jiijjiirama jedhee fudhate Bilixiginnaan waggoota Karoofatte san guutuu Biyya Bulchuuf carraa gudda qabdi.#Culullee_Facebook
Amma garuu afaan qofaan waan dubbateef ragaan akka nuu mirkaneessu kabajaan isa gaafanna:)
WBO barbadeessanii dhabamsiisuun ni danda’amaa? Kutaa tokkoffaa Berhanu Hundee Mootummootni Habashaa dhufaa dabran hundi isaaniituu waan waloo tokko qabu. Innis oftuuluu, tuffii baay’isuu, aadaa diimookraasii dhabuu, haqa awwaaluu, humnaa fi qawweetti amanuudhaan warra isaaniin morman hundaa lafarraa dhabamsiisuu yaaluu dha. Karaa nagaatiin marii godhanii rakkoo hiikuuf fedhiis ta’ee aadaa hin qaban. Sababa kanaaf biyyi Itoophiyaa jedhamtu tun rakkoolee hidda baasanii, bar-dhibbee tokkoo fi wal’akkaa turan kanaaf furmaatnii dhabamee; rakkooleen kuni immoo yeroorraa gara yerootti walxaxaa fi ulfaataa ta’aa as gahan. Rakkoon tokko yoo hin hiikamne rakkoo biraa waan uumuuf, akkasumatti rakkooleen bifa adda addaa baa’yachaa deemu jechuu dha. Rakkoon tokko karaa nagaatiin furamuu yoo hin dandeenye immoo, filannoon biraa waan hin jirreef gara humnaatti jechuun qabsoo hidhannootti nama geessuun dirqama ta’a. Kanaaf bilisa baastotni Eertiraa, Tigraayi fi Oromoo dabalatee kan saba biroos qabsoo hidhannoo keessa seenuuf dirqaman. Akkuma armaan olitti ibsame, mootummootni Habashaa tuffii guddaa waan qabaniif hundi isaaniituu akkuma bookkisanitti osoo hin injifatin booddeen isaanii salphina ta’e. Yeroo mootummaa Hayila Sillaasee warri haqaaf jedhanii qawwee qabatanii bosonatti galan “Shiftaa” jedhamanii, irratti duulamaa ture. Yeroo Darguu (mootummaa Mangistuu H/Maariyaam) immoo warra bilisummaa saba isaaniitiif jedhanii qabsoo hidhannootti galaniin wanbadee (ወንበዴ), qixiranyaa (ቅጥረኛ), sargogabbi (ሰርጎገብ) fi kkf ittimoggaasanii waraana irratti labsaa turanis booda garuu kan injifatame isuma mootummicha ta’e. Ergan dura-dubbii gabaabaa kana jedhe booda, gara dhimma mata duree barreeffama kanaatti deebi’uudhaaf, Waraanni Bilisummaa Oromoo (WBO)n kan ijaarame waanuma karaa nagaatiin furmaatni dhabameef, qabsoo hidhannoo gaggeessuuf ABOn dirqamee, WBO ijaaree hogganaas ture.
Egaa dubbii gabaabsuuf, WBOn gaafiin uummata Oromoo deebii akka argatuuf jedhee bosona filatee qabsoo hadhooftuu gaggeessaa ture fi jiras malee, akka mootummaas ta’ee namootni tokko tokko maqaa xureessuuf jecha “Shiftaa Shanee” jedhaniitii miti. Gaafiin uummata Oromoo immoo gaafii haqaa waan ta’eef, WBOnis haqaaf lolaa jira malee uummata Oromoos ta’ee uummata biroo miidhuuf akka hin taane nan amana. Ijoolleen har’a shiftaa jedhamtee arrabsamtuu fi waraanni irratti labsame kun warruma kaleess sochii qeerroo keessatti hirmaachaa turan akka ta’an himama. Akkuma yaadatamu, Wayyaaneen yeroo tokko tokko WBO dhabamsiisee jira; WBO kan jedhamu hin jiru jechaa; yeroo tokko tokko immoo ofuma isaaniitiif ragaa bahuudhaan WBOn akkas ta’e, akkas godhe jedhanii dubbachaa turan. Mootummaan Abiyyi Ahmadiin durfamus, WBO Shiftaa Shanee kana yeroo gabaabaa keessatti lafarraa duguugnee balleessina jechaa dhaadachuu erga calqabnii wagga laamaaf deema. Ammuma yeroo dhiyoo kanallee akka dhagahamaa turetti, Shiftoota Shanee barbadeessinee jirra; kan hafan yoo jiraatan tarii namoota muraasa ta’uu malu waan jedhuu dha. Wanti kun dhugaa ykn soba ta’uu isaatiif ragaan yoo jiraachuullee baate, dhugaan tokko garuu lafa kanarraa hin dhabamu. Innis WBOn haa xinnaatu haa baay’atu malee hanga gaafiin Oromoo deebii hin argatinitti dhalooto tokkorraa kan biraatti dabra malee gonkumaa dhabamuu waan danda’u natti hin fakkaatu. WBOn hoo lolee injifatee uummata Oromoo bilisoomsuu ni danda’aa? Gaafiin kun gaafii bu’uraa fi kan hedduu wal nama mormisiisu akka ta’e waan haalamuu miti. Haa ta’u malee, WBOn akka yeroo Wayyaanotaa fi Shaabiyaa sana lolee, lafa qabachaa deemee, Finfinnee seenee mootummaa kan fonqolchuun bilisummaa argamsiisuun ulfaataa yookaanis sirumaa waanuma hin danda’amne ta’uu mala.
Haa ta’u malee, WBOn akka yeroo Wayyaanotaa fi Shaabiyaa sana lolee, lafa qabachaa deemee, Finfinnee seenee mootummaa kan fonqolchuun bilisummaa argamsiisuun ulfaataa yookaanis sirumaa waanuma hin danda’amne ta’uu mala. Haalli har’a jiru fi kan yeroo Wayyaanotaa ture sun garaagarummaa guddaa akka qabu waan dhara hin taanee dha. Kana biratti immoo qabsoon Oromoo keessumaayuu qabsoon hidhannoo Oromoo kan Oromoorratti qofaa hirkattee fi karaa hundaan daangofte waan ta’eef, dhiibbaa hanga kana hin jedhamnetu irra jira. Haalli biyyattii tanaas ta’ee kan Addunyaallee qabsoo hidannoo Oromootiif mijataa miti. Haa ta’u malee, bilisummaa Oromoo argamsiisuuf WBOn lolee lafa qabatee fi Finfinnee seenuun qofti akka filmaata tokkoo qofaatti laalamuu hin qabu. Qabsoon hidhannoo yoo jabaate, karaalee adda addaatiin dhiibbaa gochuudhaan furmaata xumuraatti nama geessuu ni danda’a jedheen yaada. Lolanii lafa qabachuu dadhabuun akka kufaatiitti ykn dadhabbiitti laalamuu hin qabu. Waayee kana Habashootni yeroo baay’ee kaasanii qabsoo hidhannoo keenyaa qeeqaa, tuffachaa fi waan adda addaa jechaa turan ammallee ittuma jiru. ABOn waggoota 40 ol qabsaa’ee lafa takkallee bilisa hin baasne jechaa injifannoolee QBO argamsiiselle, kan nuti ittiin boonuu qabnu, gadi xiqqeessaa turan/jirus. Waan QBOn nuuf argamsiise garuu numatu beeka. Dhiibbaan WBOn qabus walfakkaataa dha. Kana barreeffama kutaa itti aanu keessatti laalla. – ittifufa – Hanag walitti deebinutti nagaan turaa.
WBO barbadeessanii dhabamsiisuun ni danda’amaa? Kutaa lammaffaa Berhanu Hundee Barreeffama kutaa tokkoffaa keessatti, dhimma mata duree kanaatiif ka’umsa akka ta’u, seensa ykn dura-dubbii gabaabsee ergan ibse booda, gaafii bu’uraa tokko kaaseen ture. Innis: “WBOn, lolee injifatee uummata Oromoo bilisoomsuu ni danda’aa?” kan jedhu ture. Akkuman gaafii sana jalatti waan tokko tokko gaggabaabsee ibsuu yaale, Qabsoo Bilisummaa Oromoo (QBO), kan goototni kumaatamaan ittiwareegaman, xiqqeessuuf ykn hamilee uummata keenyaa cabsuuf, waa baay’eetu ololamaa ture, ammas jira. Habashootni ykn diinotni QBO, injifannoolee hanga har’aatti qabsoo hadhooftuudhaan argaman tuffachuu fi hamilee qabsaa’ota Oromoo cabsuuf; keessumattuu immoo qabsoo hidhannoo busheessuuf ABOn ykn WBOn lolee lafa taakkuu takkaallee qabacuu hin dandeenye jedhu. Injnifannoolee gurguddoo QBOn argamsiise garuu osoo beekanuu; isaan kana dhiisanii waayee lolanii lafa qabachuu nutti himuu yaalu. Warri tuffii akkanaa qabsoo Oromootiif qaban kun, yeroo hunda Shaabiyaa fi Wayyaanee wajjin walbira qabanii nu laalu. Dhugaa dha, Shaabiyaan loolee injifatee Eertiraa bilisa baasee jira. Wayyaanotnis, waan lolanii injifatanii, Finfinnee seenanii aangoo qabataniif naannoo isaanii jechuun Tigraay bilisoomsanii; ofii isaaniitiifis waggoota 27 ol waa hundaa too’atanii sooramaniis jiru. Haa ta’u malee, wanti dagatamuu hin qabne gargaarsa Shaabiyaa fi Wayyaaneen yeroo sana argachaa turanii fi haala yeroo sanaatu isaaniif murteessaa ture. Qabsoon Oromoo harka caalaa Oromoorratti hirkatte malee gargaarsi alaa hamma kana kan argame hin jiru yoo jedhame dhara hin ta’u. ABOnis haalota baay’ee walxaxaa fi ulfaataa keessa dabreeti bara 1991 injifannoo galmeesse.
Akka Wayyaanotaa lolee lafa qabachaa deemee, Finfinnee seenuu baatus, qabsoon hidhannoo ABOdhaan hogganamaa turte dhiibbaa baay’ee gootee jirti. WBOn har’a lolaa jirus tarii lafa qabachaa fi magaalota bilisoomsaa deemee Finfinnee galuu dadhabuu malus, karaan inni ittiin dhiibbaa godhee bilisummaa uummata Oromoo argamsiisuu danda’u hedduu dha. Karaalee kana, isaan kana ykn sana jedhee asitti tarreessuun barbaachisaa miti. Wanti ani barbaachisaa qofaa osoo hin taane dirqama jedhee asitti kaasuu barbaadu garuu karaa danda’amu hundaan WBO bira dhaabbachuun dirqama Oromummaa akka ta’ee dha. Olola diinaa afarsaa fi isa kanaan gowwoomaa hamilee qabsaa’ota keenyaa cabsuu hin qabnu. Obsi fi ofitti amanummaan baay’ee murteessaa dha. Wanti Oromoon dagachuu hin qabne, ijoolleen (miseensotni WBO) har’a jiruu fi jireenya isaanii bosona fi gaara Oromiyaa godhatanii; kufaa fi kuffisaa jiran kun, kan isaan lubbuu takka baatu hin deebine nuuf uummata Oromootiif wareegamuuf qophaa’an qoosaafii miti. Gaafiin uummata Oromoo karaa nagaatiin deebii argachuu waan dhabeef dirqamanii karaa kana filatan. Kanaafuu, Oromoon ijoollee tanaan boonuu qaba malee, akka Shiftaatti isaan laaluun fafa. Diina qofaa osoo hin taane, Oromootni garaa isaanii guuttachuuf jedhanii; mootummaa kanaaf xurunbaa ta’anii; WBOrratti olola ofan tokko tokko yeroo isaan waan kanatti gaabban akka dhufu abdiin qaba. WBOn maaliif uummata bal’aa Oromootiin deeggaramuu qaba? WBOn bilisummaa argamsiisuuf qofaa osoo hin taane; bilisummaan yoo argame boodallee isa kana tikfachuu fi nagaa Oromiyaa eegsisuuf humna biyyoolessaa ta’a. Har’a qofaa osoo hin taane waan gara fuulduraa dhufus, egeree keenya yaaduun brabaachisaa qofaa osoo hin taane murteessaa dhas.
Irran deebi’a, WBOn shiftaa miti; akkuma yeroo hunda jedhamu, WBOn abdii fi gaachana Oromoo fi Oromiyaa ti. Dhugaan kun diinota QBO fi jala-kaattuu isaaniitiif liqimsamuu dhiisuu mala. Hadhooftus garuu dhugaa fudhachuun dirqama ta’a. Yeroo jaaramayootni hunduu karaa nagaatiin qabsaa’uu filatanitti, WBOn maaliif lola filate? Gaafii jabaa kanaaf deebii osoo hin barbaadin dura, mee gaafiilee biraa kaasuun barbaada. Karaa nagaatiin qabsaa’uuf, dhugumatti haalli jiru mijataa dhaa? Dirreen karaa nagaatittiin qabsaa’an dhugumatti babal’atee jiraa? Lola har’a WBOn keessa seeneef maaltu sababa ta’e? Akka Oromiyaan jeequmsa keessa seentu kan godhe fi uummatni Oromoo akka nagaa fi tasgabbii hin arganne kan taasis maali? fi gaafiilee kana fakkaatan hedduu kaasuun ni danda’ama. Deebii gaafiilee kanaatiiif akkasumas gaafii jabaa baddaatti ka’eef deebii kennuuf, barreeffama itt aanu keessatti yaada fi ilaalcha kiyya ibsuun yaala. WBO barbadeessanii dhabamsiisuun ni danda’amaa? Kutaa sadaffaa Berhanu Hundee Barreeffama kutaa lammaffaa keessatti, gaafii cimaa tokko kaasee; garuu gaafii kanaaf deebii osoo hin kennin dura gaafiilee biroo tokko tokko kaasuun barbaachisaa waan ta’eef, isaaniis tarreesseen ture. Gaafii inni cimaan “Yeroo jaaramayootni hunduu karaa nagaatiin qabsaa’uu filatanitti, WBOn maaliif lola filate? kan jedhu yoo ta’u, gaafiileen dura deebii argachuu qaban jedhee dhiyeessu immoo isaan kana: Karaa nagaatiin qabsaa’uuf, dhugumatti yeroo ammaa haalli jiru mijataa dhaa? Gaafii kanaaf akksumas kan hafaniif deebii osoo hin kennin dura, mee ofduuba gargallee waan tokko tokko haa yaadannu. Biyyi Itoophiyaa jedhamtu, tan ijaarsuma ishiitiin humnaan, qawwee fi dhiigaan uumamte, tana keessatti yeroo gaafiin uummataa karaa nagaatiin deebii argate hin jiru.
Mootummootni impaayara tanaa kan dhufaa dabran hundi isaaniituu humnaan aangootti dhufan. Haa ta’u malee sochiin uummataa, keessumaayuu sochii fi fincilli uummata Oromoo Qeerroodhaan durfame seenaa biyyattii tanaa keessatti yeroo duraatiif qawwee malee jijjiiramni akka mul’atu waan taasiseef, abdii uumee ture. Bara 2018, erga olaantummaan Wayyaanee cabe booda, hooggantootni ol’aanoon OPDO kan akka Obboo Lammaa Magarsaa faa haasa’a akka dammaa mi’aawuun qalbii uummata keenyaa waan hataniif, wanti isaan hojjetan tarii milkaawuu danda’inaa laata? yaada jedhuun abdiin uumamee ture. Haasa’a fi adeemsa OPDO burjaajessaa kana keessatti, uummatni Oromoos abdii qabaachuurraa kan ka’e hamma tokko obsaan eegaa waan tureef, carraa uumame kana keessatti OPDOnis mootummaa keessatti bakkee (iddoo) furtuu ta’e argattee; waa hunda harkatti galfattee, akka barbaaddetti socha’uu calqabde. Jaalatnii osoo hin taane warraaqsa uummataatiin waan dirqamaniif, hidhamtoota gadi lakkisuu fi jaarmayoota biyya alaa jiran wajjin haasa’anii, akka isaan biyyatti deebi’anii karaa nagaatiin qabsaa’an godhame. Jaarmayoota mariin waliin godhamee biyyatti deebi’an keessaa inni tokko ABO dha. Yeroo hoggantootni ABO Asmaraa jiran fi sana boodallee waan isaan mootummaa waliin haas’anii fi irratti waliigalan beekuu baadhullee, akka hoggantootni ABO miidiyaaleerratti ibsanitti, waliigalteen sun akka hojiirra hin oolinii dha. Adeemsa karaa nagaatiin qabsaa’uu kana keessatti, miseensotni WBO Eertiraa keessaa jiran ABO wajjin gara biyyaatti akka deebi’an godhame. Miseensotni WBO kan biyya keessatti socha’aa turanis hidhannoo hiikkatanii, bosonaa akka bahan karaa adda addaatiin yaaliin godhame. Yaalii kana keessa miseensotni WBO hammi tokko kaampiitti akka deebi’an taasifame.
Haa ta’u malee, waan isaanirra gahe ykn shirootni adda addaa xaxamaa akka ture iccitii osoo hin taane, waan miidiyaarratti gabaafamee dha. Shira OPDOn Wayyaanee jalatti baratte fi daba isaan hojjetan kan hubatan miseensotni WBO kan hafan bosonatti hafuu fi qabsoo ittifufuuf murteeffatan. Egaa hubadhaa, ijoolleen tun jireenya isaanii bosona fi gaara Oromiyaa kan godhatan jaalatanii osoo hin taane shira xaxamaa jiru fi karaa nagaatiin gaafiin Oromoo deebii argachuu akka hin dandeenye waan hubataniifi. Asirratti wanti hubatamuu qabu, ani ijoollee tanaaf dubbachuu osoo hin taane, dhugaa ifatti mul’achaa jiru ibsuufi. Dirreen karaa nagaatittiin qabsaa’an dhugumatti babal’atee jiraa? Gaafiin kun gaafii armaan olitti ka’e wajjin walfakkaata. Gaafii kanaaf deebii kennuuf garuu baay’ee itti yaaduu fi xiinxal bal’aa godhuu nama hin barbaachisu. Wanti dhagahamaa fi argamaa jiru; dhugaan lafarra jiru haala yeroo ammaa ibsuuf gahaa dha. OPDOn ODPtti, achirraa immoo PPtti (ብልፅግና)tti erga ofjijjiiree as, Oromoof hojjechuun hafee, maqaa Oromoo jedhu sanaayyuu ofirraa haqee; karaa kaayyootiinis waan biraa hojjechaa akka jiru ifaa ifatti mul’achaa jira. Jaarmayootni Oromoo kan Oromummaarratti hundaa’anii dhimma uummata Oromootiif hojjechaa jiran, kan akka ABO, KFO fi PBO, miseensotni fi deeggartootni isaanii bakkee hundatti hidhamaa fi dararamaa akka jiran iccitii miti. Haalli yeroo ammaa jiru kan bara 1992 wajjin wal fakkaata. Sirumaa caalaatti hamaa ta’aa akka deemu ni tilmaamama. Egaa, dubbii gabaabsuu fi gaafii kanaaf deebii gabaabaas kennuuf, dirreen karaa nagaatiin qabsaa’an akka duraan hawwame fi abdatame osoo hin taane shakkii tokko malee dhiphatee jira jedheen amana.
Bareeffamni kutaa kanaa akka dubbistootatti hin dheeranne, gaafiilee baddaatti tarreeffaman keesaa kan hafaniif akkasumas dhimmoota biroo dabalatee barreeffama itti aanu keessatti laalla. – ittifufa – WBO barbadeessanii dhabamsiisuun ni danda’amaa? Kutaa afraffaa Barreeffama kutaa sadaffaa keessatti, gaafiilee armaan gaditti tarreeffaman keessaa lamaan duraatiif deebii gabaabaa keenuu yaaleen ture. Barreeffama kutaa afraffaa kana keessatti immoo gaafiilee hafaniif deebii kennuun yaala. Lola har’a WBOn keessa seeneef maaltu sababa ta’e? Calqabumarraa kaasee sababni Waraanni Bilisummaa Oromoo (WBOn) ijaarameef, gaafiin uummata Oromoo karaa nagaatiin deebii argachuu waan dadhabeef, qabsoo hidhannootti seenuun dirqama waan ta’eefi. Akkuma barreeffama kutaa sadaffaa keessatti ibsuu yaale, jijjiiramni sochii fi fincila uummata Oromootiin bara 2018 argame sun, karaa nagaatiin gaafiilee Oromootiif deebii argamsiisuu ni danda’a jedhamee abdatamee ture. Asirratti waan tokkon jechuun barbaada. Dhugaa dubbachuuf, bara 2018 carraa guddaatu nu dabre. Gabrummaa bar-dhibbee tokkoo fi wal’akkaa uummata Oromoorra ture xumuruun osoo danda’amuu, dogongora tooftaa fi tarsiimoo hojjetameen, carraa guddaa argame dhabnee, warri biroo ittifayadame. Kun dogongora seenaa ti. Dhimma kana ammaaf asumatti dhiisuudhaan, gara gaafii ka’eetti deebi’uuf, erga jijjiiramni qilleensaa biyyattii tana keessatti mul’atee asiis Oromoodhaaf wanti jijjiirame tokko hin jiru yoon jedhe dhara hin ta’u. Haasa’a Obboo Lammaa Magarsaa Sabboonummaa leellisaa turetu Oromoo dagachiise fi gowwoomse malee, amalli OPDO waanuma beekamu ture. Shira isaan Wayyaanee jalatti baratanii fi shaakalaa turan hubachuu dhabuun dogongora guddaa dha. Jijjiirama dhufe sana akka ceesisu OPDOf carraan kennamuun irra hin turre.
Asirratti Oromoon baay’ee baay’ee gowwoomsame. Kan ta’es ta’u, shira OPDO/ODPn dalage fi waadaa Lammaan faa Oromoof galan sun cabuutu; akkasumas gaafiilee Oromoon yeroo sochii uummataa sana kaasaa turan deebii dhabuutu, WBOn akka bosona turu fi qabsoo ittifufu taasise. Oromoon haqa qaba; WBOn immoo haqa kanaaf jedhee wareegama guddaa kaffaluuf bosana fi gaara Oromiyaa filate. Namni lubbuu isaa balleessuuf jedhee ibidda seenuu barbaadu hin jiru. Garuu waan roorroon uummata Oromootti baay’ateef, WBOn taa’ee laaluu hin dandeenye. WBOn gaafii qabu mootummaatti dhiyeessus deebii waan dhabeef, bosonatti hafee qabsoo hadhooftuu ittifufuuf dirqame. Karaa biraatiin immoo, akkuma dhiyoo kana Jeneraal Kamaal Galchuu OMNrratti dubbate, mootummaa OPDO/ODP/PPn hogganamu kana keessa humootni jeequmsa barbaadani fi WBOn akka bosonaa hin baane godhan waan jiran fakkaata. Kanaaf, gaafii WBOs ta’ee uummatni Oromoo gaafatuuf karaa nagaatiin deebii kennuu dhiisanii; jeequmsi akka uumamuu fi WBOn xiiqii keessa galee lola akka ittifufu taasisan jechuu dha. Akka miidiyaarratti mul’achaa turetti, WBOn marii karaa nagaatiif qophii akka ta’e agarsiisuudhaan qabxiilee tokko tokko akka haal-dureetti dhiyeesse ture. Mootummaan garuu sana fudhachuu waan dideef, ammas qabsoo hidhanoo ittifufuun dirqama ta’e. Mootummaanis sababa naageenya uummataa eeguu fi seera kabachiisuu jedhuun WBOrratti lola labse. Dhimmi nageenya uummataa eeguu jedhu kun dubbii walmormisiisaa waan ta’eef, isa kana ittin deebi’a. Ammaaf garuu, gaafii baddaatti ka’eef deebii waliigalaa kennuuf, duris ta’ee har’a sababni WBOn lola filateef ammas karaan nagaa waan cufameefi. Akka Oromiyaan jeequmsa keessa seentu kan godhe fi uummatni Oromoo akka nagaa fi tasgabbii hin arganne kan taasisu maali?
Oromiyaan lafa uumaadhaan waan hundaan badhaate; naannoo saamichaaf saaxilamte; naannoo sabaa fi sablammiin baay’een keessa jiraatanii dha. Oromiyaan naannoolee kamiiyyuu caalaa lafa Nafxanyootni heeduminaan irra qubatanii fi walumaagalatti naannoo fedhiin humnoota adda addaa keessa jiru fi akkasumas dirree lolaatis. Waayee Nafxanyootaa bal’inaan itti deebi’a. Oromiyaa keessatti wantootni ykn sababaaleen nagaa fi tasgabbiin akka hin uumamne taasisan hedduu dha. Dhimmi kun xiinxala bal’aa barbaada. Haa ta’u malee, dhimma WBO wajjin walqabatee waan tokko tokko ibsuun yaala. Kana jedhee ragaa lafa kaa’uun na rakkisus, akka dhagahamaa jirutti, yeroo ammaa Oromiyaa keessa humnootni adda addaa hidhatanii socha’aa waan jiran fakkaata. Akkuman kanaa olitti tuqe, fedhiin adda addaa Oromiyaa keessa waan jiruufi. Humnootni eenyummaan isaanii hin beekamne kun Oromiyaa keessa socha’anii jeequmsa uumuudhaan, WBOtu akkana godhe jedhanii maqaa xureessuufi. Mootummaan immoo WBO waan sodaatuu fi yoo danda’ame dhabamsiisuu waan barbaaduuf, Labsii Yeroo Muddamaa (LYM) – State of Emergency (SoE) baasee; maqaa seera fi nageenya eegsisuu jedhuun uummatas unkuraa jira. Uummatni Oromoo Oromiyaa dhihaa fi kibbaa humnoota adda addaa jidduu galanii kunoo waggoota lamaaf dararamaa jiru jechuu dha. WBOn kaayyoo ifa ta’e TOKKO qaba; innis uummatni Oromoo bal’aan bilisa ta’ee hiree ofii ofiin/ofiif akka murteeffatu taasisuu dha. Humnootni biroo kan Oromiyaa keessa socha’an garuu farra QBO ti. Akkuma kanaa olitti ibsame, mootummaa keessa warri daldala siyaasaa qabani fi Oromiyaa keessatti lolli akka hin dhaabbanne barbaadan akka jiranii dha. Wanti kun dhugaa akka ta’u nama hin shakkisiisu. Maaliif yoo jedhame, mootummaan OPDO/ODP/PPn durfamu kun, akkuma nutu Itoophiya diigumsarraa hanbise jechaa ture, ammas nutu nagaa fi tasgabbii biyyaa eegsisa maqaa jedhuun beekkamtii argachuuf; karaa nagaatiin mariidhaan rakkoolee hiikuu dhiisee lola labse.
Kana hundaa jidduutti Oromiyaan dirree jeequmsaa taatee; uummatni Oromoos nagaa fi tasgabbii dhabe. Yeroo jijjiiramni wareegama ijoollee Oromootiin dhufe sun humnoota birootiin butamee; wantootni farra Oromoo ta’an hojjetamaa jirutti, uummatni keenya garuu har’as booyaa, dhiigaa, du’aa fi dararamaa; qabeenyi isaa barbadaa’aa jira. Nagaa fi tasgabbii dhabuun, booyuu fi dhiiguun uummata Oromoo hangamitti ittifufa? Deebii gaafii kanaa fi dhimmoota biroos barreeffama itti aanu keessatti laalla. – ittifufa – Hanag walitti deebinutti nagaan turaa. Hanag walitti deebinutti nagaan turaa. WBO barbadeessanii dhabamsiisuun ni danda’amaa? Kutaa shanaffaa Berhanu Hundee Barreeffama kutaa sadaffaa fi afraffaa keessatti gaafii “Yeroo jaaramayootni hunduu karaa nagaatiin qabsaa’uu filatanitti, WBOn maaliif lola filate?” jedhu fi gaafiilee biroos, kan gaafii kana wajjin walittihidhannaa qaban, kaasee akka yaada fi laalcha kiyyaatitti deebii kennuu yaaleen ture. Dabalataanis haala yeroo ammaa Oromiyaa keessa jiru fi baay’ee yaaddessaa ta’e laalchisee gafii tokkos kaaseen ture. Innis, Nagaa fi tasgabbii dhabuun, booyuu fi dhiiguun uummata Oromoo hangamitti ittifufa? kan jedhu dha. Barreeffama kutaa shanaffaa fi xumuraa kana keessatti walumaagalatti dhimma nagaa fi nageenya Oromiyaa laalchisee akkasumas dubbii ijoo kan ta’e dhimma WBO, kan kutaalee afuriin dhiyaachaa ture, asirratti xumura. Oromiyaa keessatti WBO dha moo humnoota birootu Shiftoota? Nagaa fi tasgabbii uumuuf, wanta nagaa booressu beekuu fi furmaata isaa argachuu dha. Oromiyaa keessatti wantootni nagaa booressanii jeequmsa uuman maala akka ta’an sirriitti beekuun rakkisaa ta’ullee, wanti nama hin shakkisiisne tokko garuu biyya tana keessatti warri jeequmsa uumanii bu’aa irraa argatan ykn/fi daldala siyaasaa qaban waan jiraniifi.
Kun amaluma biyya Itoophiyaa jedhamtu tana keessatti bareemee dha. Haa ta’u malee, Oromiyaa kan adda godhu fi jeequmsi uumamee, uummatni nagaa akka hin arganne taasisu, Qabsoo Bilisummaa Oromoo (QBO)rraa sodaa waan qabaniifi. Motorri QBO immoo Sabboonummaa Oromoo ti. Sabboonummaan kan guddatu fi dagaagus uummata nagaa fi tasgabbii qabu keessatti. Kanaafuu Sabboonummaa cabsuuf; akkasumas QBO laaffisuuf; uummata beela fi gadadoo keessa galchuuf; diingadee uummataa laamshessuuf; dubartoota gudeeduuf; qabeenya saamuuf,… isaan kana hundaaf haalli akka mijatu jeequmsa uumuun barbaachisaa ta’a. Sababa kanaaf karaa tokkoon hidhattootni eenyummaan isaanii hin beekamne (isaan kun tarii humnoota sirna durii deebisuu barbaadan ta’uu malu) Oromiyaa keessa socha’anii, uummata jeequdhaan WBOtu akkas godhaa jira akka jedhamu godhuun isaanii himamaa jira. Karaa biraatiin immoo, mootummaan mataan isaatuu duula WBO dhabamsiisuuf godhu qofaa osoo hin taane, shiroota biroos dalaguudhaan WBOtu akkas godhaa jira jedhee maqaa “Shiftaa Shanee” jedhu ittimoggaasee WBO maqaa xureessa. Miseensotni WBO shiftoota osoo hin taane ijoollee Oromoo warra Sabboonummaadhaan guutamanii dha. WBO dhabamsiisuu jechuun Sababboonummaa dhabamsiisuu dha. Sabboonummaa dhabamsiisuun immoo QBO dadhabsiisuu dha. QBO dadhabsiisuun gaafiin Oromoo akka deebii hin arganne taasisuu dha; haqa Oromoo awwaaluu dha. WBOn haqa Oromootiif uumame; haqa kanaaf wareegama kaffalaa jira; hiree ofii ofiin murteeffannaan uummata Oromoo akka mirkanaa’uf qabsaa’aa jira malee shiftaa miti. Dhugaa kana uummata Oromoo bal’aatu beeka. Warri hidhatanii uummata keessa socho’an naannolee biraas jiru. Wanti naannoo Amaaraatti ta’e yaadannoo dhiyoo ti.
Mootummaan garuu tarkaaniifii inni fudhate hin jiru. Oromiyaa keessatti garuu maqaa Labsii Yeroo Muddamaatiin, Komaandi Poostiidhaan uummata keenya dararaa jira. WBO sababa godhatee addatti Oromiyaa lixaa fi kibbaatti waraana labsee jira. WBO yeroo gabaabaa keessatti ni barbadeessina jedhanii erga dhaadachuu calqabanii wagga lama ta’ee jira; garuu WBO barbadeessuu dhiisii laaffisuullee waan danda’ame natti hin fakkaatu. Hanga Oromoon lafarraa dhumutti WBOn barbadaayee hin dhabamu. Osoo dadhabeyuu deebi’ee jabaata malee hanga gaafiin Oromoo karaa nagaatiin deebii hin argatinitti Oromoon kamuu WBO dha. Dhugaa kana firas ta’ee diinni beekuu qaba. Oromoo ta’anii garuu warri garaaf jedhanii, mootummaa PP kana jala kaattanii, WBO maqaa xureessuudhaan “Shiftaa” jedhan yeroon isin itti gaabban ni dhufa. QBO keessatti qabsoon hidhannoo dhaabbachuu ni danda’aa? Hanga jeequmsi Oromiyaa keessa jiru ittifufutti uummatni Oromoo nagaan jiraachuu hin danda’u. Karaa nagaatiin gaafii uummataatiif deebiin akka argamu kan yaalamu yeroo Darguu yeroo Dr Hayilee Fidaa faa mootummaa waliin hojjechuu yaalanii booda dhabamanii kaasee ti. Mootummaan impaayara tanaa dhufaa dabran amalli isaanii tokkuma. Impaayara humnaan ijaaramte tana keessatti, humnaan malee gaafiin Oromoo deebii argachuu hin danda’u. Kuni waraana labsuuf ykn olola oofuuf osoo hin taane, karaan biraa waan ijibbaatameefi. WBOn dirqameeti lola filate. Bilisummaa Oromoo argamsiisuun hafee, sanumaa asittuu yeroo obboleettiin ykn/fi haati isaa gudeedamtu fi dararama agartu; yeroo abbaan isaa salphatu fi dararamu ykn ajjeefamu, yeroo qayeen isaa gubattu fi qabeenyi barbadaa’u Oromoon taa’ee laalu jiraa? Yeroo badii kana hundaa argu namuu WBO ta’a. Hanga dararamni uummata Oromoo jirutti, hanga uummatni bal’aan kun hiree ofii murteeffachuu hin dandeenyetti qabsoon karaa kamiinuu ittifufa.
Hanga dararamni uummata Oromoo jirutti, hanga uummatni bal’aan kun hiree ofii murteeffachuu hin dandeenyetti qabsoon karaa kamiinuu ittifufa. Filmaatni (election) nagaa fi haqa ta’e biyyattii tana keessatti godhamee, karaa kanaan gaafiin Oromoo deebii ni argata jedhanii yaaduun abjuu dha. Osuma godhameeyyuu filmaatni haqa ta’ee akka hin milkoofne; uummatni nama ykn jaarmayaa barbaadu akka hin filanne kunoo wanti ta’aa jiruu ragaa dha. Miseensotni jaarmayoota mormitootaa (akka warri zamanaa morkattootaa jedhan) keessumaayuu kan jaarmayoota Oromoo kan akka ABO, KFO fi PBO hidhamaa jiru; waajjirootni isaanii diigamaa fi saamamaa akka jiru himama. Egaa akkamitti filmaatni nagaa fi haqaa godhamee gaafiin uummataa deebii argachuu danda’a jedhamee yaadama? Kanaafuu filannoon (option) jiru karaa hidhannootiin dhiibbaa godhuu qofaa dha jedheen amana. Kanaaf immoo WBO jabeessuun barbaachisaa dha. WBOn dadhabullee, laaffatullee, deebi’ee jabaata malee barbadaa’ee dhabamuu gonkumaa hin danda’u. WBO jabeessuun bilisummaa argamsiisuuf qofaa osoo hin taane, bilisummaa boodallee nagaa fi nageenya Oromiyaa eeguuf human waraanaa biyyoolessaa (national army force) qabaachuun dirqama ta’a. Humna waraanaa cimaa qabaachuun akka nama kabachiisu Tigraayi akka fakkeenyaatti fudhachuun ni danda’ama. Qabsoon bilisummaa, haqaa fi diimookraasii ni injifata!!! Hanga dhimma birootiin walitti deebinutti nagaatti.
AMALOOTA KUFAATII SIRNA ABBAA IRREE MIRKANEESSAN BEEKTAA? Saphaloo Kadiir irraa. Sirnoonni Abbaa Irree kamuu amaloota wal fakkaatoo gaafa kufuuf qilee irra gahan qaban, kan beekaatiis tahee osoo hin beekne hojjataniifi wal isaan fakkeessu hedduutu jira. Mootummoonni abbaa irree yeroo mara gaafa kufuuf dhihaatan amala akka waan gonkuma hin injifatamneetti if ilaalan qabaatu. Gabaasa sobaa kan kaadirootaafi kaabinoota isaatiin itti dhihaatuun dogoggoroota adda addaa irra deddeebiin hojjatee ummata dallansiisa. Keessattuu hanguma jala bultiin kufaatii isaa dhihaachaa deemtuun naasuun farshaanee dogoggorootaafi rakkoolee garagaraa kan duraanii daran hojjachuun garba badii keessa daakuu hojii godhata. Akkuma waraabeessi gaafa du’aaf sakaraatu dhagaallee taatu waanuma dhiheenya isaa jiru ciniinee du’u san mootummoonni abbaa irrees gaafa kufuuf gahan badii isaanii irraa barachuu caalaa badiiwwan daran caalu hojjachuuf maraachuun amala isaanii guddaadha. Mootummaan abbaa irree wayta kufaatiif qilee irra gahu sochiin isaa marti gocha qabatamaan lafarratti mul’atuufi laalchaan mirkanaa’u osoo hin taane jecha mimmiidhagaa sobaan guutame qofa arraata tottolfatee afuufuu irratti xiyyeeffata. Waan ummanni ijaan arku dhiisee akka nama abjuu hiikuuti hanga namni isa dhageeffatu jajuufi ajaa’ibutti waan faallaa xibaara. Dabballoonni isaatiis akka nama baarageetti hojii lafa irra hin jirre afaaniin dhaadheessuufi wacuu akka baayy’isan ajaja.Aanga’oonni sirnichaa waltajjiilee, miidiyaaleefi bakkoota garagaraatti carraa haasa’uu gaafa argatan akka nama maraateetti haasawa tartiiba hin qabne, kan ka’uumsaafi galuumsa isaa hin beeyne xibaaruu baayy’isan.
Dhaadannoofi iftuultummaa keessi duwwaa qofaan yeroo fixuu malee akeekaafi kaayyoo, hojmaataafi qajeelfamoota ummataaf fayyadu tokkollee hin ibsan. Garee muraasa jaamte, tan garaan bitamtuufi amala gaararraa qabdu walitti qabanii daabboon sossobaa akka isaan jala fiigan godhuun akka waan hawaasni guutuun isaan waliin jiruu fakkeessuuf yaalan. Gaafa garii ammoo kan waajjirootaafi biirooleen marti hojii dhaabdee jirtu akka waan hojmaanni manneen hojii mootummaa xiyyeeffannaan hojjatamaa jiruu fakkeessu. Bakka cubbuun babal’atteetti akka waan haqaafi walqixxummaa mirkaneessaa jiranii if fakkeessan. Yeroo biraa ammoo piroojektoota gurguddaa hojjachuuf akka waan dhimmamanii, akka waan tajaajiloota hawaasaafi bu’uraalee misoomaa murteessoo tahan hojjachuuf yaadaniitti oliifi gad fiiganii dhagaa bu’uraa harka sobaatiin lafatti awwaalanii namoota muraasaan irraa shubbisan. Gubbaarra kana haa godhan malee ammoo dhimmoota kana mara keessatti qaama isaaniif oduufi odeeffannoo dabarsu unkuratanii deeman.Dhimmoota misoomaa, guddinaa, haqummaa, nageenyaa, bulchiinsa gaariifi misoomaa mara afaan gubbaarra dhadhaa dibatanii calaqissanii arraata sobaatiin dhaadheessan mara keessoo dhimmichaa dhooysaan dabballeefi jabbilee isaanii bifa keessa galchanii sakatta’u. Garuu xiyyeeffannaan hojiifi hojjaa isaani marti kan maallaqa itti dhangalaasanii hojjatan dhaabbilee basaasaa, qaamoota tikaa, humna poolisii, raayyaa Ittisaa (waraanaa), manneen hidhaa, gareewwan ukkaamsituufi gaagaatuu ajjeechaa lubbuu raawwattu qofa irratti daanga’a. Jaroota kanneeniitu lubbuu na eewaluufi umrii irrummaa kiyyaa dheereessuu danda’a ja’ee waan yaaduuf isaan kana cimsuu, baayyifachuufi bobbaasuu irratti maraammartoo dhawata.
Wayta kana baajata silaa piroojektiilee sobaan dhagaa bu’uraa kaaye san waan hojjatuun dhabee yaadni isaa walitti bu’ee, hojjattoonni isaa faaydaa dhunfaa qofa irratti wal afaan deebi’ee wal dhawa. Kun ammoo saffisa kufaatii isaa waan saffisuuf hanga afaaniin if dhaadheessu san hanqatee dirree irratti gatantaree kufee bororee qilee seena.Gama kaaniin Waajjiraafi biirooleen hojii mootummaa tan silaa tajaajila ummataa laattu marti gara dhaabbiilee basaasaafi tikaa tan lubbuu abbaa irree eewaluuf yaaltutti waan jijjiiramtuuf tajaajilamtoota (hawaasa), hojjattootaafi ogeessoota mana hojii kanneen sochii warraaqsa hawaasaa sirrii tahuu deeggaran adamsuufi ukkaamsuu qofaaf tajaajila kennuu jalqaban. Bu’aan baajanni mootummaa, qabeenyi uumamaafi oomishoonni biyyatti kan adda addaa kennuu qabu marti warroota abbaan irree bobbaaseen daangaafi dhoorkaa malee akka fedhanitti saamuun garaacha isaanii ittiin guutachuuf, bu’aa isaanii itti eegsifachuuf baayy’ee waan dhangala’uuf qisaasamni diinagdee isaan mudata. Haalli kun marti gabaasa sobaatiin qindaawee qaama ol aanuuf waan dhihaatuuf akka waan kufaatii irraa isaan eewaluu danda’u itti fakkaatee gammachuu yeroo gabaabduutiin qoma dhawatanii seeqaanii kofluun injifannoo dharaa lallabuun dura caalaa guddatee hafarfama. Wayta kana akka nama sakaraata du’aa (shakar mooytii) irra jiruutti kan qaamni jalaa ol qabbanaawaa jiru dhaammannaa dharaa, wixxifataa maayyiifi seeqinsi sobaa kan dhumaa isaan irratti mul’ata.Yeroo sadarkaa kufaatii irra gahe sirni mootummaa abbaa irree kamuu osoo keessoon if bir’achaa jiruu afaaniin ammoo akka leencaa bookkisuu barbaada. Amalli kun akkuma beeyladaan gaafa halaalchan sagalee maayyii tan bookkisaa baaftuuti. Kaayyoon isaa ammoo cimina isaa kan keessaan haphate san sagaleen jiraachifachuu kajeellaafi malee keessoon isaa onuu inninuu ni beeka.
Gaafa kana dhimmi gaafii mirgaafi walqixxummaa, falmiin bilisummaafi warraaqsi haqaaf godhamu marti keessoo isaa jeeqee, laphee isaa laaffisee, qaama isaa hollachiisaa waan jiruuf qaamoota sagalee dhugaatiin bookkisan kana goda mana hidhaa ja’amutti ugguruu hammeessa. Osoo qaamni isaa akka hiyyeessa roobni cabbii itti bu’eetti hollatuu arrabni isaa sibiila irra jabaatee akka nama ifitti amantummaa qabuutti bookkisuu kajeela. Ummataafi qabsoon jaarmayaaleen sirna dimokraasiitti amananiifi falmitoonni mirga namoomaa gaggeessan marti dadhabduu, humna dhableefi tan humaa bu’a hin fidne fakkaassee ibsuu kajeela. Irree isaa keessattuu tan gama waraanaatiin jirtu humnaa ol dhaadheessee, hantuuta guddissee arba fakkeessee humna warraaqsa ummata bal’aa tan gaara geessu immoo hanga bookeetti xiqqeessee, yarachiisee calaqqisuu kajeela. Haalli inni itti yaadu kun immoo qabsoon mirgaafi dhugaa tan hawaasa bal’aan gaggeeffamaa jirtu tan injifannoo hin qabneefi gonkuma fiinxa hin baane godhee akka tilmaamu isa godha. Yoo barbaachisaa tahe ammoo humna waraanaatiin macalaasee dhunfachuufi dhaamsuuf yaala. Mootummaan abbaa irree tokko gaafa kufuuf guunguufu akka waan bardoon harkaa qaban kufaatii hamtuu irraa eewaltuutti yaadee humna isaatti amanee, irree isaatti fayyadamuuf yaaduun kun dogoggora guddaa akka taheefi kufaatiif daran isa saffiftu seenaa qabsoo biyyoota adda addaa kan abbaa irree irratti godhamaa turan irraa ni hubatama. Mootummaan ‘Bilxiginnaatiis’ haalli itti jiru kanuma. Bilxiginnaan’ kuftee qilee keessaa iyyaa jirti malee lafarra tasuma hin jirtu wanti jannuufiis kanuma. Amaloota kana mara namni seenaa abboottii irree kanneen biroo gaafa isaan kufan hin beeknelleen haalota kana ‘Bilxiginnaa’ irratti yoo agartan jala bultii kufaatii isii dhiichisaa jiraachuu qofa hubachuun qabsoo warraaqsaa daran cimsinee itti fufuuf murannoo qabaachuu barbaachisaan dhaamsa kooti .Saphaloo Kadiir | Onk.
Amaloota kana mara namni seenaa abboottii irree kanneen biroo gaafa isaan kufan hin beeknelleen haalota kana ‘Bilxiginnaa’ irratti yoo agartan jala bultii kufaatii isii dhiichisaa jiraachuu qofa hubachuun qabsoo warraaqsaa daran cimsinee itti fufuuf murannoo qabaachuu barbaachisaan dhaamsa kooti .Saphaloo Kadiir | Onk. 2020Oromiyaa.
Hoggansa fi Miseensa ABO Biyya Hambaa: Fira moo diina QBO ti? Hubataa Dubbii tiin=====================================================Hoggansi fi miseensotni ABO biyya hambaa jiraatan tokko-tokko, hojiin isaan guyya-guyyaattiraawwatan, diina dhaabichaa isaan fakkeessa yoo jedhame dogoggora hin qabu. Ummatni OromooABO irratti abdi guddaa akka qabu falmisiisaa miti. ABO fi kaayyoo ABO’n dhaabateef, ummatniOromoo akka agartuu ija isaatti ilaala. Ni mararfata, ni tikfata. Waan dhaabichi itti hime otoo ijahin sukkuummatiin, mamii tokko malee fudhatee hojii irra oolcha.Ummatni Oromoo, ABOn gaaf tokko bakka dhiibamee moggeeffame irraa, diina isaa of irraarukutee, as baya jedhee obsaan eeggata. Oromoon iji isaa akka ijoollee haati gabaa deemtee garabakka hoggontootni “jirra” jedhan hunda, fi gara bosonaa, bakka loltootni WBO lubbuu isaaniiqaalii aarsaa godhanii wareegama itti kafalan ilaala.Har’a irra dhaabatnee yoo ilaallu garuu, ABOn Oromoon abdii irraa godhatee eegaa ture fi waantiqabatamaadhaan, kanneen hoogganoota fi miseensosta ABO ofiin jedhan, biyya alaa kana keessattiraawwataa jiran waliin-wal faallaadha.Hojii hoggantoota buleeyyii, miseesnsota fi deeggartoota ABO biyya ambaa, Ameerikaa,Awurooppaa fi Australia, namni itti dhiyaatee ilaale, tasuma jarri fira qabsoo Oromooti jechuufni rakkata.Hoggansa Ol’aanaa ilaalchiseeHoggansi ol’aanaan warra duraa kanneen akka Magarsaa Barii fi jaallewwan isaanii, kanneenakka Baaroo Tumsaa fi Nadhii Gammadaa faa yoo yaadannu ni boonna. Garuu jarri hin jirani. Yooisaan faa yaadannu “maal abaarsa qabnaa?” nama jechissisa.Abaarsi inni cimaan garuu, warri dhaabichas, ummata Oromoos ganan caasaa ABO keessattidagaaganii, sodaa tokko malee gaaffii ummata Oromoo keessoo isaa irraa burkuteessuu dandayuuisaaniiti.
Jarri gaafa dhaabicha keessa jiran maqaa jijjiiramaatiin dhaabicha dadhabsiisu.Miseensota jijjiirama dhugaaf dheebuu qaban dhaabicha keessaa erga fottoqsanii baasianii booda,isaanumti yoo fedhan araarsituu ykn gurmeessituu ta’anii afanfajjii uumuudhaan jara garaa-garfacaasnii gurmuu Oromoo facaasu. Erga kana godhanii booda namootni hedduun, sadarkaahoggansa guddaa irra turan kunoo PP waliin ijaaramanii hojjechaa kanneen jiran kanaaf ragaadha.Ammallee, “meeqatu ABO keessa of dhoksee shira wal-fakkaataa xaxaa jira?” gaaffii jedhuufdeebii hin qabnu.Jaruma kana keessaa kanneen hafan ammo, biyya ambaa kanatti, miseensota ABO biyya ambaajiran keessatti dabalatee, duula afanfajjii tolchaa jiru. Jarri ammallee hidda isaanii gadfageeffataniijiru.Fakkeenyaaf, sochii isaan itti jiran fi duula isaan samoona kana godhan muraasa yoo kaafne: 1. Jaallan hoggantoonni ABO mana hidhaa nafxanyoota keessatti itti roorrifamaa jiran, fi H/DnABO manasaatti daangeffamee jiru, akka hiikaman tarkaanfii tokkollee fudhachaa hin jiran.Biyya ambaa kanatti hiriira nagaa hin qindeessan. Mootummoota addunyaatti osoo iyyataniihin mul’atan.2. Adda Bilisummaa Oromoo (ABO) fi ABO-WBO gidduutti wal dorgommii uumuuf jecha,miseensotni ABO mana hidhaatti ugguramanii jiranis akka hidhaa irra hin baane gochuuf ittiyaadanaii “ABOn ‘qabsoo nagaa’ geggeessuf biyya keessa jiru fi ABO-WBO tokko, har’alleeWBO tiin ABOtu hoggana” jedhanii lallabu.3. Gaafa WBOn ijaarsi isaa cime mootummaa PP dhiphisu gammaduun hafeetu, isaanis akkumaaangawoota mootummaa rifatanii ykn raafamuu irra darbanii yoo WBO irratti ifaaf-ifattiholola gaggeessan argina. WBO Tigree jala gale, hoggansi WBO ganeera jedhu.
San irradarbanii humna biraa irratti ijaaranii diiguuf ifatti duula irratti banani.4. Oromoo keessatti jaarmaan isaan hin to’anne, kan ogeesstotaas ha ta’u kan hawaasummaa,biqilee akka hin lalisne, kichuutti balleessuuf cimanii hojjetu. Maqaa xureessu; abalu ABO yknWBO hin jaallatu, hooggansa hin fudhatu, PP dha jechuun sobaan nama yakku. Yaroo baay’eeammoo namni sun dhiigaan Oromoo miti jedhanii olola sobaa nama nagaa irratti gaggeessu.5. Miseensota isaanii afaan adaba hin qabne fi sirna wayiituu hin beekne bobbaasanii namootayaada qajeeltoo dhiyeessan yaadaa fi gorsa isaaii gara dabarsu.Miseensota fi Deeggartoota ABO biyya AmbaaMiseensotni fi deeggartootni ABO biyya hambaa kun hojiin isaanii inni guddaan nama fi sabasalphisuu fi arrabsuudha. Hoggansi ABO yaroo garii isaanuma ergateetu hojii badaa akkaraawwatan itti fayyadama. Kana irraa kan ka’e hogggansi dhaabicha (yoo kun hoggansa jedhame)jarri waan dhaabichi hin feene yoo dubbatan “irraa dhaabbadhaa!” jechuumaafuu haamilees,dandeettiis hin qabu. Miseensi arrabsoodhaan muuxannoo horate kun isaanumattuu gargalaleemucuq godhee isaan arrabsa. Jarri, ofiif danqaa of galchaniiru. Danqaa san keessaas of baasuu hinbarbaadani; otoo barbaadaniis waan dandayan hin fakkaatu.Ummatni Oromoo kana hubatee mala barbaaddachuu qaba. Yaroon maqaa ABO fi Kaayyoo ABO,gaaffii hiree murteeffannaa fi gaaffii bilisummaa, of dura qabanii ummata Oromoo burjaajessandhaaabachuu qaba. Waraana mootummaan PP Oromoo irratti bane of irraa qolachuuf yaaluucinaatti waraana jarri kun Oromoo keessoo isaa irraa diiguuf tolchanii ittiin deemaa jiran kanairratti dammaqanii saalfii tokko malee dura dhaabbachuu fi sochiisaanii kana fashalsiisuun,kaayyoo ganamaa qabsaayotni hedduun lubbuu isaanii aarsaa itti godhan, har’allee wareegamaitti kafalaa jiran, san baraaruun barbaachisaadha.Yaroo gabaabduu keessatti walitti deebinaNagaa Turaa!
Waraana mootummaan PP Oromoo irratti bane of irraa qolachuuf yaaluucinaatti waraana jarri kun Oromoo keessoo isaa irraa diiguuf tolchanii ittiin deemaa jiran kanairratti dammaqanii saalfii tokko malee dura dhaabbachuu fi sochiisaanii kana fashalsiisuun,kaayyoo ganamaa qabsaayotni hedduun lubbuu isaanii aarsaa itti godhan, har’allee wareegamaitti kafalaa jiran, san baraaruun barbaachisaadha.Yaroo gabaabduu keessatti walitti deebinaNagaa Turaa! Horaa Bulaa!
Ibsa Gamtaa Paartilee Mormitootaa Irraa Kenname Adeemsa raawwii marii biyyaalessaa ilaalchisee garaagarummaa yaadaa mootummaa fi qaamolee dhimmi ilaallatu gidduu jiru ilaalcha keessa galchuudhaan, yaadaa fi tarsiimoo sirna dimokiraasii dhugaa gadi dhaabuudhaaf ni ta’a jennee itti amanne dhiyeessuuf Gamtaa Paartilee Mormitootaa hundeessinee jirra. Kanaaf, nuti paartileen siyaasaa maqaan keenyaa xumura barruu kanaa irratti tarreeffame, walitti dhufuudhaan Gamtaa Paartilee Mormitootaa kan hundeessine yoo ta’u, paartileen miseensa gamtichaa taane rakkoo siyaasaa yeroo ammaa Itoophiyaa mudate wal waraansaa yaaddessaatti ce’ee jiru marii karaa nagaatu fala ta’a jennee amanna. Rakkoofi muddama siyaasaa yeroo ammaa Itoophiyaa mudatee jiru furmaata waaraa diriirsuudhaaf mariin biyyaalessaa hundumaa hirmaachise barbaachisaa akka ta’e, paartii biyya bulchaa jiru dabalatee paartileen siyaasaa marti waliigalanii jiru. Mootummaan yaa’ii paartilee siyaasaa irratti qooda fudhachaa kan jiru yoo ta’u, yaa’iiwwan kanneen irrattis qajeelfamoonnii fi adeemsi marii fi waliigaltee biyyaalessaa mari’atamanii jiru. Haatahu malee paartileen siyaasaa fi qaamoleen dhimmi ilaallatu tarsiimoo marii fi waliigaltee biyyaalessaa bu’a qabeessa gaggeessuudhaaf mari’achaafi wal falmaa wayita jiran kanatti, paartiin biyya bulchaa jiru immoo yaada paartilee siyaasaa cinaatti dhiisuudhaan, wixinee seera adeemsa mariifi waliigaltee biyyaalessaa ilaalchaa fi dantaa garee tokkoo qofa giddugaleessa godhate tumee hojiirra oolchuudhaaf abbalaa jira. Adeemsi marii fi waliigaltee biyyaalessaa jalqaba irraa eegalee haga dhumaatti qaamolee dhimmi ilaallatu mara kan hirmaachisu ta’uu kan qabu yoo ta’e iyyuu, paartiin biyya bulchaa jiru garuu jalqabuma irraa eegalee haalli itti kommishiniin mariifi waliigaltee biyyaalessaa hundeeffame amanamaa miti.
Akkasumas komishiniin hundeeffame jedhamu kun qaamolee sochii siyaasa biyyattii irraa uugguramanii fi qaamolee mootummaa waliin wal waraanaa jiran akka quunnamuufi mariisisuuf qajeelfamni tumame tokkollee hin jiru. Gamtaan Paartilee Mormitootaa gaaga’ama siyaasaa yeroo ammaa biyyattii mudateefi gara wal waraansa hamaatti ce’ee jiru, marii fi waliigaltee biyyaalessaa haqa qabeessaa fi qaamolee dhimmi ilaallatu mara hirmaachise qofaan furmaata argata jennee amanna. Waan kana ta’eef, Gamtaan Paartilee Siyaasaa adeemsa dogoggoraa fi shira marii fi waliigaltee biyyaalessaa gaggeessuudhaaf raawwatamaa jiru hubachuudhaan, shira kana dura dhaabbachuudhaan marii fi waliigaltee qaamolee hundumaa hirmaachisee fi bu’a qabeessa ta’e gaggeessuudhaaf yaada furmaataa sochii sirna dimokiraasii diriirsuuf taasifamu gabbisuufi kallattii dogoggoraa mootummaan qabatee jiru sirreessuuf fala ta’u dhiyeessuuf murteessinee jirra. Waan kana ta’eef, Gamtaan Paartileen Mormitootaa marii fi waliigaltee biyyaalessaa rakkoo siyaasaa, hawaasummaa fi dinagdee biyyattii mudatee jiruuf fala ta’u gaggeessuudhaaf, adeemsi marii fi waliigaltee biyyaalessaa dhimmoota armaan gadii dabalatee, ulaagaalee sadarkaa idil-addunyaatti yoo xiqqaate guutamuu qaban guutuu qaba jedhee amana: Naannoo Tigiraayi, Affaar, Amaaraa, Kaaba Itoophiyaa, Oromiyaa fi Beneeshanguliifi Somaalee dabalatee kutaalee Itoophiyaa mara keessatti waliigalteen dhukaasaa dhabuu sadarkaa idil-addunyaatti fudhatama qabu raawwatamee lolaa fi wal waraansi gaggeeffamaa jiru haala amansiisaa ta’een dhaabbachuu qaba. Mootummaa fi qooda fuudhattoonni ijoo ta’an waliin ta’uudhaan adeemsi raawwii mariifi waliigaltee biyyaalessaa haqa qabeessaa fi qaamolee dhimmi ilaallatu mara kan hirmaachise ta’uufi kanaanis paartileen mariifi waliigaltee kana kan raawwatan adeemsicha kan deggeraniifi murtii marii biyyaalessaan booda kennamus fudhatanii hojiirra oolchuudhaaf qophii ta’uu isaanii mirkaneessuu qabu.
Adeemsi marii biyyaalessaa walaba akka ta’uuf, iftoomina akka qabaatuufi qaamolee hundumaa kan hirmaachise ta’uu isaa mirkaneessuudhaaf, paartileen siyaasaa marti miseensota Komiishinii Marii Biyyaalessaa keessaa bakka bu’ummaa ga’aa qabaachuu fi adeemsa filannoo miseensotaa fi ulaagaalee filannoo keessatti qooda fudhachuu qabu. Dabalataanis tumaaleen wixinee seerichaa kanneen ta’e jedhamanii namoota dantaa dhuunfaa isaanii milkessan filachuudhaaf tumaman, fakkeenyaaf namoota maddi isaanii Itoophiyaa ta’eef paaspoortii Itoophiyaa qabaachuun akka ulaagaatti ka’amee kan jiru ta’us, tumaaleen akkanaa haqamuu qabu. Dhimma ajandaa qopheessuutiin wal qabatee, adeemsi iftoomina qabu kan qooda fudhattoonni dhimmi ilaallatu marti loogii tokko malee akka irratti mari’ataniifi mirkaneessaniif carraa kennuuf diriiruu qaba. Yeroo addunyaa guutuun akka ollaatti walitti hidhamee jiru kanatti, Itoophiyaan odola bishaan qofaan marfamtee argamtuufi qofaa baatee jiraachuu dandeessu waan hin taaneef, murtiiwwan nuti murteessinu biyyoota biroo birattis fudhatama kan qaban ta’uu qabu. Kanaaf, marii fi waliigaltee biyyaalessaa kana haqa qabeessa gochuudhaaf qaamoleen idil-addunyaa walabaa fi amanamoo ta’an akkaataa barbaachisummaa keessatti qooda fudhachuu qabu jennee amanna. Adeemsi marii fi murtiin kennamu kamiyyuu iftoomina kan qabuu fi qaamolee dhimmi ilaallatu mara kan hirmaachise ta’uu qaba. Nageenya hirmaattoota ijoo ta’anii sadarkaa amansiisaa ta’een tiksuu, hordoffii qaamolee idil-addunyaa jabeessuu, hidhamoota siyaasaa mara hiikuu fi namoota hubamaniif deggersa nyaataa fi qorichaa dhiyeessuu dabalatee tarkaanfiwwan nama amansiisan fudhatamuu qabu jennee amanna. Bu’uuruma fedhiifi dantaa uummata keenyaatiin, gaggeesitoonni paartilee mormitootaa marii biyyaalessaa kanarratti qooda fudhatan akka hin dorsifamneef, akka hin miidhamneef yookaan ajjeechaan akka irratti hin raawwatamneef, hirmaattota marii biyyaalessaa ijoo ta’aniif tiki nageenyaa amansiisaan diriiruu qaba.
Bu’uuruma fedhiifi dantaa uummata keenyaatiin, gaggeesitoonni paartilee mormitootaa marii biyyaalessaa kanarratti qooda fudhatan akka hin dorsifamneef, akka hin miidhamneef yookaan ajjeechaan akka irratti hin raawwatamneef, hirmaattota marii biyyaalessaa ijoo ta’aniif tiki nageenyaa amansiisaan diriiruu qaba. PAARTILEE MISEENSA TA’AN 1. Paartii Haqaa fi Dimokiraasii Uummata Affaar 2. Paartii Uummata Affaar 3. AREENAA TIGRAAYI 4. DHAABATA DIMOKIRAATAWAA UUMMATA DOONGAA 5.HIBIR ITOOPHIYAA 6. MEDREK 7. Adda Bilisummaa Ogaadan 8. Kongireesii Federaalistii Oromoo (KFO) 9.Adda Bilisummaa Oromoo (ABO) 10. Warraaqsa Biyyaalessaa Uummata Walaayittaa Finfinnee, Itoophiyaa 05/06/2022
Baasa baranaa: “Qubeen afaan Oromoo Lrraa eeguu qabdi jedhu” Jawaar Mohameed Gaafa barnoonni qubee Afaan Oromoo A irraa dhiisee L irraa eegaluufi jedhamu qoosaan se’ee ture. Jijjiirama guddaa akkanaa kanaaf sababa kan jedhame qorannoo USAID’n dandeettii daa’imman kutaalee jalqabaa dubbisuuf qaban madaaluuf godhame jedhameera. Gaafa qorannoon sun bara 2010 bahe ala kanattis miidiyaalee irratti mariin godhamaa ture. Facebook fi VOA irratti marii goonee turre. Yoon sirritti yaadadhe qorannoon sun Oromiyaa dabalatee naannolee saddeet fi afaanota jaha irratti godhame. Rakkoon daa’immaan kuta 1-3ffaa dubbisuu dadhabuu kun rakkoo Itoophiyaa guutuu ( naannolee fi afaanota qorataman cufaa) akka tahetti kaaye qorannoon sun. Rakkina kanaafis sababoota hedduudha kanneen akka leenjii barsiisaa, dhiheessii kitaabotaafi kkf tarreesse. Laafinni hamaan barnoota kutaalee jalqabaa kun Afaan dhalootaa qofarratti osoo hin taane afaan Ingilizii, herregaanfi saaynsii irratti akka tahe qorannoon kutaa 4ffaa irratti godhame ni agarsiisa. Akka biyyatti daa’immaan dhibbeentaa 15% gaditu dandeetti bu’uraa mirkaneessuu danda’e. Rakkoo kana furuuf waan jijjiiramuu qabus hedduudha lafa kaaye qorannoon sun. Oromiyaa keessatti laafina jiru furuuf jijjirama godhuun gaarii ture. Jijjiramni sun garuu kan qorannoo jabaafi marii baldhaa hayyoota damee afaaniifi barnootaaa jidduutti godhamu irratti hundaayuu qaba ture. Hubadhaa rakkoon dubbisuu kun Oromiyaa qofa osoo hin taane naannoleefi afaanota biroottis muldhatee jira. Naannoleen sun hoo furmaata akkamii yaadan? Waliin mari’achuu feesisa ture. Akkasumas qubee Laatiniin kan barreeffamu afaan Oromoo qofaa miti. Afrikaa hamma Ashiyaafi Latin Ameerikaatti afaanota danuutu itti fayyadama. Rakkoon dubbisuu yeroo daa’imman mudatu Afaanota meeqatu qubee A irraa eegaluu dhiisee L irraa jalqabsiisuu murteesse laata?
Rakkoon dubbisuu yeroo daa’imman mudatu Afaanota meeqatu qubee A irraa eegaluu dhiisee L irraa jalqabsiisuu murteesse laata? Yoo jiraatan hoo jijjiramni argamsiise hammam quubasaadha? Osoo jijjiramni guddaan akkanaa hojiitti hin hiikamin gaafilee kanaaf kan biroof qorannoodhan deebiin laatamuu qaba ture. Kana gochuu dhabuu isaatin biiroon barnoota Oromiyaa badii guddaa hojjate. Afaanfajjii amma uumameefis itti gaafatamummaa qaba. Ammas osoo hin turre sirreessuu qaban.
Fulbaana 9/ 2016) Waamichaa Ariifachiisaa Uummatni Oromoo Hundii Bakka Jirtaan maraa Aanaa, Godina, Ganda, Masyibaasii fi Bakka Argamtaan Hundatti Walitti Dhufuun Warraaqsii itti Fufuu qaba!! Manni Hidhaa Wayyaanee Beekamaa fi guddichi kan Hayyootni qaroo uummata Oromoo ta’an keessaatti argamaan Ibiddaan gubachuu fi Wayyaaneen hidhamtoota Ibiddaa jalaa of baasuuf socho’an irratti dhukaasaa ba’uun lubbuun ilmaan Oromoo fi saboota cunqurfamoo akka wareegamee fi madaa’uun midhamanii hospitala galanii jiraatuu median dubbattee jirti.Kanneen Wareegamanis ta’ee kanneen Madaa’aan yeroof maqaan addaa hin baafamiin jira, kanaafuu bakka Argamnuu Hundatti biyyaa keessaafi alatti Sochiin Warraaqsaa Biyyoolessaa Oromiyaa FXG n Daran Jabaatee akka itti Fufuu Qeerroon Bilisummaa Oromoo Ummata Oromoo fi Jaarmiyaalee Qabsoo bilisummaa Oromoo hundaaf Waamichaa Ariifachiisaa Dabarseeraa!! 1. Hayyootni Qaroo Uummata Keenyaa Essaa jiruu? Hidhamtootni Oromoo Hundii Mana Hidhaa Qilinxoo keessatti Argamaan Uummataa fi Maatii isaanitti Argisiifamuu qabu!! Badii tokko malee hidhamanii dararama waan jiraniif gaaffii tokko malee akka Hiikamaniif warraaqsaa gaggeessina ! ! 2. Kanneen Wareegaman, madoo ta’an maqaa isaanii waliin ifaa ta’uu qaba!! Kanneen madoo ta’an maatii fi uummatni akka waldhannatuuf nuuf haakennaman! 3. Mootummaan wayyaanee yakka duguuginsa sanyii balleessuu ummata Oromoo irratti rawwataa jiruuf aangoo gadhiisuun seeraatti haa dhiyaatu!! 4. Gaaffii mirga Abbaa biyyummaa kan bilisummaa ummata Oromoofi Walabummaa Oromiyaaf Deebii hanga Gonfannutti Warraaqsaa irraa duubatti hin jennu!! Gochi wayyaanee warraqsatti daranuu kan nu jabeessuudha!! 5. Dhaabni Ergamtuu Wayyaanee EPRDF /TPLF taate OPDOn Oromiyaa keessaa diigamuu qabdi, Oromiyaan bulcha jettee dubbatuu fi Oromiyaa keessaa socho’uu dhaabuu qabdii, Yeroo bulchiinsii naannoo Amaaraa aantummaa uummataa isaa argisiisaa jirutti OPDOn uummata keenyaa ajjeesaa waan jirtuuf bulchiinsii OPDO Oromiyaa irraa dhaabbachuu qaba.
Dhaabni Ergamtuu Wayyaanee EPRDF /TPLF taate OPDOn Oromiyaa keessaa diigamuu qabdi, Oromiyaan bulcha jettee dubbatuu fi Oromiyaa keessaa socho’uu dhaabuu qabdii, Yeroo bulchiinsii naannoo Amaaraa aantummaa uummataa isaa argisiisaa jirutti OPDOn uummata keenyaa ajjeesaa waan jirtuuf bulchiinsii OPDO Oromiyaa irraa dhaabbachuu qaba. Sabboontootni ilmaan Oromoo OPDO keessatti argamtan gara uummataatti makamuun Warraaqsaa Biyyoolessaa Oromiyaa FXG Akka jabeessuun dirqama lamummaa keessaan akka baatan!! 6. Daandiin konkolaataa bakka hundatti cufamuu qaba, kanfaltiin gibiraa fi buusiin taksii kamuu dhaabbachuu qaba, duulli gabaa lagachuufi qabeenyaa ofii gabaa laguu Jabaatee itti fufuu qaba!! 7. Mootummaan Cee’umsaa kan ABO fi dhaabbilee Siyaasaa Bilisummaa saba isaaniif socho’an hammate atattamaan akka hundaa’uu fi mirgii fi bilisummaan uummata Oromoofi saboota cunqurfamoo akka kabajamuuf warraaqsaa wal irraa hin citnee gaggeessina!! 8. Tarkaanfiiwwaan qabeenyaa aangawoota wayyaanee fi ergamtoota Wayyaanee barbadeessuu, qabeenyaa investeroota wayyaanee lafa ofii irraa barbadeessuun lafa ofii dhuunfachuun itti fufuu qaba, Waajjiraalee OPDO keessa jiru hundi barbadaa’uu qaba!! INJIFANNOON UUMMATA OROMOOromiyaaOF! !
Qabsoo Oromoon biyya keessaa aarsaa guddaa itti kafaluun deemsisaa jiru irratti qoodi ilmaan Oromoo biyya ambaa fi keessatuu Beektota Oromoo maal ta’uu qaba? Tasfaye Daba Kumsaatiin Akkuma ammaan kana argaamaa fi muldhataa jiru ummatni Oromoo waliigalaa keessatuu Qeerroon Oromoo biyya keessaa gabrummaa diduun qabsoo hadhaawaa diina hamma funyaaniitti hidhate irratti harka qullaa deemsisaa jira. Ummatich qabsoo eegaluun isaa baatiiwwaniin kan lakkaawwamu osoo hin taane; Jaarraa tokko irra kan taree fi edda biyyi abbaa isaa kolonii Habashaa jalatti kufee kaasee kan deemaa jiru ta’u illee; al tokko ho’aa, al tokko qabbana‘aa, altokko diina raasuu irra taree bifa kamiinuu ta’u jigsaa; garuu galii kaayyoo isaatii osoo hin ga’in diinichi akka bofaa muuxachaa kufaatii irraa damdamachuun as ga’uun isaa kan namuu irra guddaan beekuu fi seenaan dhugaa ba’u dha. Kanneen keessaa bara weeraraa Minilike eegale 1880-mman keessa ittisa biyya abbaa isaa irratti dura dhaabbanaa ummaanii Oromoo godhe yoo yaadanne; qabsoon ummati Arsii, Harar, jimmaa, wallagga , shawaa fi kanneen biraa keessatti qabsoo ta’e irratti wareegama sabi keenya kafalee fi injifalloolee diina irratti galmeesse; garuu diinni tooftaan deebi’ee irra aanee as ga’e kaasuun yaadannoo seenaaf ga’eessa dha. Qabsoowwan Oromoon diina waliin hanga ammaatti godhaa as ga’e yoo ilaalle diinni Oromoo gootummaan ykn heddoominaan ummata Oromoo caaluun osoo hin taane ; heeddoomina hidhata meeshaa hammayaan Oromoo caaluu fi tooftan diinaa Oromoo irra caaluun ta’uun isaa waan seenaa keessati mul’ate dha. Akkasis ta’ee Oromoon qabsoo haala wal qabataa fi walitti ejjaa ta’een deemsisuu baatus; qabsoon addaan citee akka hin beekne seenaan ragaa ba’a. Kanneen keessaas haga tokko yoo eeruuf jedhame kanneen akka qabsoo baalee, qabsoo maccaa fi tuulamaa, sociiwwan afran Qalloo, kanneen kana fafakkaatan beebbeekamoo eerun ni danda’ama.
Egaa kun kan nu hubachiisu qabsoon sabni Oromoo gochaa ture akkuma haalaa fi yeroo isaatti utuu addaan hin citin deemaa kan turee fi rakkoowwanii fi dadhabina garaagaraa qabaatus tattaaffiin ta’aa ture laayyoo akka hin turree fi yeroo dhaa yerootti ol guddachaa dhufuu argina. Sadarkaa Qabsichi gulantaa addaatti qaxxaamure tokko bara 1970-mman yoo ta’u; bara kana qabsoo deemaa ture saboontota ilmaan Oromoon haala walii galaa qabsoo ta’aa ture xiinxaluun fala akeekuun gulantaa addaatti ce’ame dha. Qabsichi bifa faffaca’ee deemaa ture irraa, bifa qiindoomina qabaate tokkoonii fi haala caalaa walitti ejjaa ta’een oofuun barbaachisumaa isaa hubachuun isaa hubtame. Qabsichi bifa haaraa fi ayinaa addaan qindoomuun barbaacisummaa isaa kanneen hubatan yoggusii eegala 1970-mman keessa ABO bu’ureessuun qabsoo uummatichaa gulantaa addaatti ceesisuun qaabsicha bifa qabachiisuun irra kaayyoo xaliila ta’e tokko bifa Bareeffamaan lafa godhachuun eegalee injifannoowwan cuccululuqoo namuu haaluu hin dandeenyee fi amman kana argaa jirru galmeessuun danda’amee jira. Bara 1970-mman keessa Gulantaan qabsoon Oromoo irra ga’e sadarkaa ol’aanaa fi bu’ura seenaa kaleessaa keessatii daawwatamuun danda’uu fi egerefis mul’ata daawitii ta’uu akkasumas walumaa gala furtuu fi akeektuu galaii xumuraa qabsoo sabiichaati jedhamee lafa kaayuun ni danda’ama. Dhugaan kun kan wal nama hin gaafachiifnee fi ifa cululuqee mul’atu dha. Waayeen qabsoo Oromoo yoo ka’u kan itti akka kaayyoo bu’ura qabootti itti masakamnu eegala kana ta’uuns hubatamaa dha. Milkoominaa fi kufaatii, ciminaa fi dadhabina qabsoo Oromoo keessatti ta’anii fi jiranis maldaalanii ilaaluu fi xiinxaluunis as irratti hundaa’uun ta’uun gatii fi daafii qaba.
Egaa qabsoo uumatichaa deemaa turee fi jiru keessatti haalawwan keessa darbamee fi itti jiramu dhaabbatanii ilaaluu ni fi xiinxaluun, laafinaa fi cimina qaban beekuun, laafina ofii fooyyeffachuun, cimina qaban akka kununfamuuf qoodi inni gumaachu kan wal nama gaafachiisu hin ta’u. Dheerinni baroota qabsoon kun fudhatee fi amma illee itti jiru Oromoo osoo abdiin hin kutachiisin, abbaa dhalatti dabrsaa qancee qabsichaa fufaa asiin ga’uun fi qabsichi haalaanis ayinaanis cimaa fi dagaagaa deemuun gulantaa kana ga’uun cimina qabsoo sabichaa yoo ta’u; akka barbaadamuttii fi eegamutti galii kaayyeffatee qabsichi eegalame guuttachuun hanqachuun mudaa ykn qaama laafin ofii ta’uun amananii fudhachuunis dirqama haqaati. Ciminni eerame qabsichi yeroon dheeratus addaan osoo hin citin deemuun waanta akeekuu fi hamilee qabsoo har’a itti jiramuuf ta’uun fayidaa ykn gatii guddaa qaba. Qabsichi abbaa ilmatti darbee haala fedheenuu as ga’uun; bu’urri qabsichaa ykn kaayyoon qabsichaa kan haqa irraatti hundaayee fi gaaffiin qabsichi qabatee ka’a hanga yoonaatti akka hin deebi’in kan raggaasisu ta’a. Kunis kan akeeku haala fedheenuu kaayyoo ykn gaaffiin qabsichi itti eegalame deebi’u malee bifa kamiinuu haala kamiinuu qabsoon eegalame dhaabachuu ykn dhaamuu fi dhibamuu akka tasa hin dandeenye agarsiisuun hamiilee uummatichatti horuun dhaarraa ykn abjuu diinaa doomsa. Dheerini yeroon qabsichi fudhatee akka qaama laafina qabsichaatti ilaaluun kan malu yoo ta’u; kanaaf daafii kanaatis waliin ilaaluun dirqama. Ijoon kun irra guddaa barbaachisaa fi muteessa dha. Dheerina qabsichaaf kanneen qooda gumaachan keessaa tokko tokkoon tuquun barbaachisoo dha.
1 Meeshaa lolaan hidhannoon wal gitu dhabuu Bara Oromootti duulee Oromoo beeyi’ina hidhata meeshaa hammayyaan caaluun edda cabsee kaasee diinni Oromoo hanga har’aattillee olaantummaa hidhata meeshaa hammayyaa qabaachuun haqa lafa jiru dha. Kun ka’umsa irraa Oroomoon durfamuu fi akkasumas diinni sabichaa kan of hin dagannee fi yoomuu meeshaa isaa kan of harkaa hin buusne yoomuu qophaawaa ta’uu akeeka. Kunu dadhabina ummatichaa fi ummatichi uume osoo hin taane; eegala irraa kaasee diinni waan dursee itti qophaawuun godhee fi edda injifannoo Oromoo irratti galmeessee kolonii jala galchatee meeshaa argachuu fi qabachuu dhorkuun Oromoon akka carraa meeshaa hin arganne gochuu danda’uu isaati. Empayeratti keessatti seerri meeshaa mirga meeshaa waraanaa qabachuu Oromoo kan dhorgu yoo ta’u; kanneen biroof akka mirgaatti eyyamamee durii hanga ammaatti akkasumaan jira. Empayerttii keessatti lafti Oromoo qabeenyaan badhaatuu taatu illee waan bittaa Kolonii jala galtee jirtuuf qabeenya isheetti kan abboomuu fi itti tajaajilamaa as ga’ee fi ammas itti jiru diinota Oromoo eegalaa hanga ammaatti tartiibaan wal geddaraa bitaa jiraniiti. Oromoo qaabeenya ga’eessa dhabuun, waan qabsoo isaaf isa barbaachisu akka bifa kamiinuu guuttachuu hin dandeenye ugguruu ykn daangessuu irra taree; diinni Oromoo sabichaa keessaa kanneen dantaaf bitaman sabphaatti argachuu fii itti tajaajilamuf gargaaree jira. Falli furtuu kanaa Oromoon waan qabu kamuu irraa waloon qabsoo saba isaaf akka ramaduun gumaachu ta’uu. Qabeenya Oromoo diinni itti fayyadamu gogsuu, dhorguu fi saamuun ofiif dhiimma itti ba’uu dha. Ummati Oromoo biyya ambaa irra faffaca’ee qubatee jiru qooda duddaa qaba. Sagalee uummatichaa ta’uun gidiraa diinni Saba Oromoo irratti geessisaa jiru saaxiluun isa tokko ta’ee osoo dhiibbaa diina irrati godhuun madda deeggarsa dinagdee diinaaf ta’u goosuu irras taree gargaars dinagdee wal irra hin cinnee qabsoof gumaachuu fi argamsiisuun dirqama isa guddaa dha.
Dinagdeen qabsoo tokkoof lafee dugdaati. 2 Tooftaa Tooftaa diinni Oromoo ittiin cabsee fi ittiin of jalatti tursuuf tattaafate akkasumas yeenaa kufus ittii deebi’ee bayyanate Oromoota bifa adda addaan gowwoomsee ofitti qabuun ture. Qaamni dadhabinaa kun isa guddaa fii dheerina qabsiif daafii guddaa dha. Akkuma seenaa irraa hubatamu bara Minilk Oromootti duule biyya Oromoo kan qabachuu danda’e Oromoota tooftaa diinaa kana hubannoo dhabuun ykn dantaa dhuunfaa ofii qofa ilaaluun humna diinaa waliin dhaabbatanii saba isaanii cabsaniin akka ta’e ifa dha. Edda cabsees diinni tooftaa Oromoo Oromoon cabsuu fi Oromoon Oromoo gowwaamsuu haala itti fufeen itti fayyadamuun as ga’ee jira. Qa’aa kana duuchuuf falli ummata Oromoo akka inni seenaa isaa haqaa kan darbee fi jiru gadi fageenyaan barsiisuun damqasuun akka sabboonummaan isaa ititu gochuun fardii dha. Kanneen saba ofii dantaaf jecha jalee diinaa ta’an irratti tarkaanfii adaba ta’uu malu gochuun dirama dha. Fakkeenyaaf qooduu, lagachuun kophxeessuu, du’aa fi gaa’ela isaa diduu fi kanneen kana fafakkaatan dhiibbaa irraan ga’uun jalee diinaa ta’uu guutuutti dhibamsiisuu baatus ni xiqqeessa. 3 Beektotti irra wayyabni qasoo irratti gutuu guutuutti qooda fudhachuu dhabuu. Qabsoo ummatichaa keessatti akkums hubtamu irra wayyabni beektota Oromoo qabsoo godhamaa as ga’e keessatti heddoominaan seenuun jaaramuun aarsaa kafalchiisuu malu guutuutti hojiin argarsiisaa hin jiru. Beektotti qabsoo keessatti qooda hogganuummaan gumaachuu malan guddaa fi barbaachisaa ta’uun haqa cululuqaa dha. Kun utuu beekamuu irra wayyabni beektotaa itti of kennuun guutumaatti qabsootti makamanii dirqama fudhachuu yoo dheessan argaa as geenye. Kanneen idlee barnootaa bifa addaa addaan Ogeessa ta’an rogaan qabsootti makamuun jaarmiyaatti miseensa ta’uun kaayyoon masakamanii dura bu’ummaan geggeessuu irra akka gorsituu qofaatti of dhiiheessanii ta’uun mudaa guddaa dha.
Ijaarsa komuniitii ykn afooshaa keessatti of kaayanii taa’uun beektoa keenyaa baroota qabsoo kana keessatti walitti ejjaan kan mul’ataa as ga’ame yoo ta’u; ammas itti fufee jiraachuun mudaa guddaa dha. Fakkeenyaa bara 1980-mman keessa sadarbaa barmoota hammayyaa sadarkaa gurguddaa kan ga’an qabsoo sabichaa keessatti kallatiin qooda fudhachuu irra akka gorsituu ykn Activist qofa of gochuun deemaa akka turanii fi akka haalaa fi amala kamuu dhalatu keessati gegeddaramaa deemuun dhuma ira jireenya ofiitti deebi’uu deddeebi’ee waan muldhatee fi ayyaan laallatuummaa ta’uun dhugaa jala arriiqamee himamuu qabu dha. Bara1992 boodas waanuma wal fakkaatutu mul’ate. Ammaan kanas beektoti hedduun dalaga siyaasaa yeroo hambaa isaanii qofa akka itti tolee fi itti fakkaatetti hojjechuu irra taree ijaaramuun qooda ga’eessa taphataa akka hin jirre argaa jirra. Akka Ogeessatti qorannootaa fi gorsa irratti qooda fudhachuun gaarii ta’ee osoo jiruu; qabsoo ta’u keessatti bakka amanan keessatti ijaaramuun kaayyoo amanan fudhachuun itti masakamanii qooda gumaachuun bu’aan isaa ifaa dha. Ammaan kana keessattuu biyya alaa keessatii human nama baratee hedduu Oromoon kan qabu ta’uun kan nama gammachiisuu fi abdachiisu yoo ta’u; irra guddaa nama baratee dhuunfaan akka itti toletti waa gumaachaa jiraachuu irra taree ijaaramee qabsootti qooda fudhachaa hin jiru. Qabsoon kaayyoon masakamuu gaafata. Kaayyoo amana irrattis cichoomina qabaachuu fi aarsaa baasuus gaafata. Kaayyoon yoo masakaman immoo heeraa fi seeraan waan daangeffanii fi dirqamaniif sirnaa akka ta’an godha. Kanaaf bu’aa ijoa qabeessa qabsoo keessatti gumaachuu fi milkoomina arguuf hayyoonni keessatuu beektonni oguma kamiituu jaarmiyaa qabsootti jiran keessati miseensa ta’uun ijaaramuun barbaachisaa dha.
Kanaaf bu’aa ijoa qabeessa qabsoo keessatti gumaachuu fi milkoomina arguuf hayyoonni keessatuu beektonni oguma kamiituu jaarmiyaa qabsootti jiran keessati miseensa ta’uun ijaaramuun barbaachisaa dha. Galatoomaa Tefaye daba Kumsa
Badii hojjatameef dhiifama gaafachuun kabajamaa saba Oromoo biratti iddoo guddaa qabaata. Kabajamtoota jaalattoota bilisummaa Oromoo ergaan kiyya kan obbolummaa bakkuma jirtanitti isinhaagayu. Kanatti aansee jidduu namootaa deddeebi’uun mormii keessa seenaa kan jiru dhimma obbo Junaydii Saaddo irratti yaada kiyyaa isiniif qooduu barbaada. Maaltu siin gaye akka hinjenne nama dhimma kana hayyootaaf dhiisaa jiru hinargine. Aniis kanaafan asutaale. Dhugaadha Obbo Juneydiin Saaddon mootummaa wayyaanee keessatti nama sadarkaa guddaa irratti hojjataa tureedha. Yeroo inni angoo irra turetti gaarii fii badaan hojjatamees jira. Yeroo muraasa duratti barruun maqaa obbo Juneydiin gadi bahe tokko qabiyyee dheeraa qabatee dhufuun isaa beekamadha. Ijoon dubbii barruu sanii AniJunadiin Saaddon ummata kiyya akka dhiifama naaf godhan gaafadha jedha. Dhugaadha Junaddiin erga biyyaa bahanii baroota lakkaaweera. Kunoo ammaas asbahee bifa guutuun dhiifama gaafataa jira. Ibsa bal’aas kennee jira. Fedhii isaa gara fuulduraas lafa kaayee jira. Yeroo angoo gubbaa turettiis waan hedduu yakkuus gaarii jijjiiruuf yaalee itti milkaaweefii dadhabees ibsee jira. Guutumatti gaafiilee isaaf dhihaatan deebisee jira. Ani amma dhiifama godhuufii diduu irratti mormii Fb irratti deemaa jiru kanarratti taajjabbii kiyya isiniif dhiheessa. 1,Gaafa Junaydiin angotti dhufe kan isa filatee olbaase ummata Oromoo miti. 2,Gaafa irraa bu’uus dhiibbaa ummataanii miti. Gaafuma biyyaarra bahe media irratti as bahee dubachuu inni gaafatee ummataan dhorkamee amma hayyama ummataan asbahee dubachaa hinjiru. Yeroo haalli isaaf mijjate argannaan asbahee dubbachaa jira. Qabsoon keenya finiinee gulantaa gaarii irra gayuun hamilee keessa isaatitti uumameen dhiifama gaafachuuf kan asbhuus qalbii guutuun simachuu qabna .
Namoota bifa gara garaatiin mooraa diinaa irraa bahanii mataa gadi qabatanii jiraatan hundi ifsaaxiluun gara qasoo keenyaatti yoo dhufan kuniis bu’qabsoo keenyaa waan ta’eef ittiin boonna . Gammachuu guutuufii qalbii qulqulluu taheen isaan simachuu qabna . Kanaafiis kanneen mooraa diinaa keessa jiran maraaf yaamicha dhawaataa godhaa jirra . Ammaas ijoon dubbii isaa waan hedduu kaasuus akka ummanni dhiifama isaaf godhuu fii umrii isaa kana boodaa waandandayuun qabsoo sabaa keessatti akka hirmaatu ballama seenuu isaa dhagayaa argaas jirra. Kan inni dhiifama gaafatees saba isaati. Ammaas akka waliigalaatti, Malee qaamni sabarraa bakka bu’e kan itti dhiheeffatanii argachuu dhabuu irratti mirkaneeffatan kan sabni bakka buufate qaamni tokko hinjiru. Dhiifamni haagodhamuufii hingodhamuun kan irratti deemaa jiru Fb irrattiidha. Petition dhimma kanaaf banamee sagaleen yoo laalame murtii ummataa beekuuniifii fudhachuun gaariidh. Mee waantokko isin yaadachiiseen yaada kiyya xumura. Gaafa Habashaan Oromiyaa weeraru baay’inni ummata Oromoo m10 ture. Maqaa Ethiopia jedhu kana diddaaf m5 wareegamee Maqaan kun humnaan nurratti fe’amee har’a geenye. Wareegamni qabsoof bahu haga ammaatti itti fufee jira. Habashaan haga ammaatti lubbuu nama miliyoonotaan lakkawamu duguugee takkaa dhiifama nugaafatee hinbeeku. Gaafachuufiis fedha hinqabu. Tan dabarteef walhudhuun tan amma harkaa nuqabdu fageessiti jechuun Oromoofii Amaarri waliin sirna kanarratti qabsaa’uun bifa bal’aan labsamaa jira. Junaddin kan mooraa diinaa keessa ture dhiisii warri MQBO keessatti badii kana caalu hojjatees danuudha. Dhiifama gaafachuun hafee badii hojjachuu isaanii amanuu hinfedhan. Kanaaf kanballeessee callisees wanni goonu hinjiru. Isa balleessee badii fudhatee ifatti dhiifafama gaafateef dhiifamni godhamuu qaba.Kana jechuun Juneydiin gaafa angoo gubbaarra jirutti angoo qabutti fayyadamee ajaja isaatiin ykn harka isaatiin lubbuun itti himatamu yoo jiraate dhiifama amma godhamuuf kanaan jalaa baha jechuu miti.
Isa balleessee badii fudhatee ifatti dhiifafama gaafateef dhiifamni godhamuu qaba.Kana jechuun Juneydiin gaafa angoo gubbaarra jirutti angoo qabutti fayyadamee ajaja isaatiin ykn harka isaatiin lubbuun itti himatamu yoo jiraate dhiifama amma godhamuuf kanaan jalaa baha jechuu miti. Dhiifamni akka sabaatti inni gaafate haagodhmuuf yoo nuwaliin qabsaa’uu fedhees balballi haabannuuf. Ammaas bu’aa bahii qabsoo hinxumurre. Dirree qabsoo keessa jirra. Dhimma kanarratti walmormuun ammaa kaasee dhaabbachuu qaba. Dhiifama gaafachuun oromoo biratti gatii guddaa qaba. Haaluma ulfaata keessa jirru kana keessattuu Aadaa, Hooda, Hurmada, Safuu fii duudhaa keenya haaeggannu. Eenyummaa keenya waanta’eef. << Juneydii Saaddof dhiifama haagoonu >> Aniis naofkachaa. Ijarraa nahambisaasaa. Lellisaa Tuujii September 23/2016
#OromoProtests Breaking news. Update: At least 500 people have been killed by Tigre Agazi force on Irreechaa 2016 thanks giving day Aljazeera: At_least_500_Oromoo_Killed in Anti-Government Protesters in#Bishoftu_Festival Hundreds feared dead in Bishoftu Helicopter committing the #IrrechaMasscre. Befekadu haile speaks to Aljazeera about #IrrechaMassacre #OromoProtests “Down down Woyane!! The final showdown that agitated Tigrean mafia to massacre our people. Qeerroo Oromo, seenaa hojjattan, akka gootaa baatanii gootummaan biyyaaf wareegamtan. Dhumaatii keessanii garaan nu madaaye gootummaa keessaniin qabbanaaye. Ayyaana Irreechaa Har’aa Irratti Walitti Bu’iinsa Uumameen Kanneen Dhibbaan Lakkaa’aman Dhuman Jedhama WASHINGTON, DC — Magaalaa Bushooftuu keessatti har’a ayyaana Irreechaa kabajuuf uummata miliyoonaan laka’amutu yaa’e. Ayyaana kabajuuf uummati yaa’e diddaa mootummaaf qabu mul’isuuf harka isaa wal qaxxaamursuu dhaan ture gama ayyaanni kun itti ayyaaneffatamu hora Arsadiitti deemmaa kan ture. Prezidaantii mootummaa naannoo Oromiyaa obbo Lammaa Magarsaa dabalatee angawoonni OPDO ayyaana sana irratti argamanis uummanni mormii dhageessisuu dhaan uummati keenya dhumaa utuu jiruu isin nutti dubbachuu hin dhageessistan waan jedheef waltajjii gad dhiisanii deemuu isaanii ayyaana kana irratti kanneen argaman nuuf ibsaniiru. Humnoonni mootummaa lafoo dhaan dhukaasaan, samii irraan immoo gaaziin imimmaansu san booda biifamuu waan jalqabeef uummanni achitti wal ga’e ukkaamamee dhaabachuu waan dadhabeef achii baqachuuf utuu yaaluu hedduun wali irratti kufuu dhaan kaanis lafti isaan irra ejjetan ittiin citee lafa jalatti awwaalaman kaan immoo itti dhukaafamuun ajjeefaman jechuu dhaan kanneen ijaan argan nutti himaniiru. Reeffa namaa irra tarkaanfataa gamsii deemne dirree lolaa malee bakka ayyaanaa hin fakkaatu jedhu namoota achitti argaman keessaa ennaa dubbatan.
Abbaan Gadaa illee reebamanii madaa’uu ija keenyaan argine jedhu. Ayyaana kana irratti Gojjam Matakkal Wambara irraa illee utuu hin hafin namoonni ayyaana kana irratti argamuun nuuf ibsamee jira. Gaaaasa sagaleetif kana cuqaasaa www.opride.com October 2, 2016 At least 250 feared dead in Bishoftu, Ethiopia, after police used tear gas and opened fire on people gathered to mark Irreechaa, the Oromo thanksgiving festival, according to activists and eyewitness reports. The Irreechaa holiday at #Hora_Arsadi, the crater lake near the site of Sunday’s massacre, is considered #The_biggest cultural and spiritual #celebration_in_Africa. On this day, October 2, which will be entered into history books as the Irreechaa Massacre, the sacred grounds of Arsadi were littered with dead bodies, according to reports. The mass arrests began a day early. Tensions run high all day as military helicopters flew above the crowd at lower altitude, in what was seen as an effort to intimidate the gathering crowd. At the city entrances, security checkpoints stretched for hours as festival goers arrived from across Oromia. But despite the heavy security presence, Irreechaa goers still expected to partake in a peaceful celebration of the arrival of Birraa, as the holiday marks a seasonal change from dark and rainy winter months to a bountiful Spring. But chaos, confusion and stampede broke out in the early afternoon when the youth booed the newly elected chairman of the ruling Oromo People’s Democratic Organization, OPDO, off the stage. The protests began as soon as the crowd filed into the malka, the river bank, close to the stage where politicians hoped to make political statements – statements that are often unheard and unheeded even on a “normal” year. It’s clear that the youth were ready to make a statement of their own to the local officialdom – in an unusual in your face type of way. But their protests were peaceful. They crossed arms, forming an X, popularized by Oromo marathon runner Feyisa Lilesa, to say no to the killings, beatings and arrests. It is an incident like no other. A turning point for the 11-month old Oromo protests, a popular uprising against the Oromo people’s continued social, economic and political marginalization by the central government in Ethiopia.
A turning point for the 11-month old Oromo protests, a popular uprising against the Oromo people’s continued social, economic and political marginalization by the central government in Ethiopia. Irreechaa has emerged at the most important event among the Oromo. It is officially a celebration of the bountiful harvest of Birra but a celebration of Oromummaa itself. It is the most unifying event for the Oromo, who constitute at least half of Ethiopia’s 100 million people. This wasn’t an ordinary year for Oromo and for Ethiopians as a whole.#More_than 1,000 #people have been killed, mostly in Oromia, but also in the Amhara state in the last 11 months. The colorful, cultural annual Ireechaa festivities, which attracts millions of people from across Ethiopia and around the world to the city of Bishoftu, some 40 kilometers south of the capital Addis Ababa, was the scene of a horrific massacre that has left hundreds of people dead and more wounded, according to witnesses and activists. Since the start of this year’s celebrations, openly public displays of support for the ongoing Oromo national movement have seen protests and marches leave their mark on the gathering. People chanted and sang resistance tunes as the fiercely anti regime sentiment that has gripped Oromo society throughout their nearly yearlong protest movement, could be felt throughout the city. Yesterday, a heightened police presence was reported amid fears that the gathering could be used by festival attendees to exercise public expressions of outrage for the Ethiopian government’s heavy handed methods of handling the protests that a Human Rights Watch report released in June said resulted in the deaths of over four hundred unarmed demonstrators. Today’s bloodshed appears to show that federal security forces haven’t reformed their approach in the wake of the report’s findings. At around noon, the Ireechaa procession was attacked by security forces, who reportedly fired lethal ammunition indiscriminately at thousands of festival goers. Activists also speak of an aerial bombardment, which included the firing of live ammunition and tear gas by hovering aircraft at panicked groups of people. Countless were killed by the bullets while the carnage triggered a stampede which locals say resulted in more deaths and injuries. This is the history of Oromo Irreecha 2016 bloodiest sundy ever by Tigre vicious regimes። What Oromo people to know is all out for war aganist this coward act like animals and all Tigre people out . Justice for those people who’s indiscriminately killed today in Bishuftu .
Caffeen Walgahii ariifachiisaa 2ffaa waggaa 2ffaa bara hojii caffee 5ffaa isaatiin Muudama garaa gara raggaasisuun xumurame! Bu’uruma kanaa ➡#1ffaa Obbo Lammaa Magarsaa- Pireezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa ➡#2ffaa-Obbo Isheetuu Dassee Af-yaa’ii Caffee Oromiyaa Ta’uun yoo mudaman Pireezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Lammaa Magarsaan wal-harkaa fudhiinsa angoo Pireezidaantii duraanii Obbo Muktaar Kadiir irraa erga taasisan booda Mudama Kaabinee isaanii caffeef dhiyeessanii mudamni isaanii ragga’eera.
Bu’uruma kanaa ➡#1ffaa Obbo Lammaa Magarsaa- Pireezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa ➡#2ffaa-Obbo Isheetuu Dassee Af-yaa’ii Caffee Oromiyaa Ta’uun yoo mudaman Pireezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Lammaa Magarsaan wal-harkaa fudhiinsa angoo Pireezidaantii duraanii Obbo Muktaar Kadiir irraa erga taasisan booda Mudama Kaabinee isaanii caffeef dhiyeessanii mudamni isaanii ragga’eera. ▶Haaluma kanaan◀ #1faa Obbo Umar Huseen Itti Aanaa Pireezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa #2faa Obbo Abiy Ahimad-Sadarkaa I/A Pireezidaantiitti Hogganaa Biiroo Misooma Magaalaafi Manneeni Oromiyaa #3faa Obbo Isheetuu Getaahun Sadarkaa I/A Pireezidaantiitti Hogganaa Biiroo Qonnaafi Qabeenya Umamaa Oromiyaa #4faa Obbo Tolosaa Daggafaa –Hogganaa Biiroo Maallaqaafi Walta’iinsa Diinagdee Oromiyaa #5faa Obbo Birahaanuu Staggaayee –Hogganaa Biiroo Haqaa Oromiyaa #6faa D/r Darajjee Guddataa –Hogganaa Biiroo Eegumsa Fayyaa Oromiyaa #7faa D/r Hasan Yosuf -Abbaa Taayitaa Egumsa Naannoo Bosonaafi Jijjiirama Qilleensaa Oromiyaa #8faa D/r Tashoomee Addunyaa -Hogganaa Komishinii Karooraafi DiinagdeeOromiyaa #9faa Obbo Habtaamuu H/Mikaa’eel -Hogganaa Biiroo Dargaggoofi Ispoortii Oromiyaa #10faa Injinar Birhaanuu Baqqalaa -Hogganaa Biiroo Konistrakshinii Oromiyaa #11faa Gargaaraa Komishinara Damballaash G/Mikaa’eel -Hogganaa Biiroo Bulchiinsaafi Nageenyaa Oromiyaa #12faa Addee Loomii Badhoo -Hoggantuu Biiroo Aadaafi Turizimii Oromiyaa #13faa Obbo Asaffaa Kumsaa -Hogganaa Biiroo Bishaan,Albuudaafi Inarjii Oromiyaa #14faa Addee Aziizaa Abdii – Hoggantuu Biiroo Dhimma Dubartootaafi Daa’immanii Oromiyaa #15faa Obbo Wandimaagany Nagaraa -Hogganaa Biiroo Daldalaafi Misooma Gabaa Oromiyaa #16faa Obbo Kaasaayee Abdiisaa -Biiroo Barnootaafi Teekniikaafi leenjii Oromiyaa #17faa Obbo Birahaanuu Fayyisaa -Itti Gaafatamaa Waajjira Pireezidaantii Oromiyaa Akkasumas #18faa Obbo Eleemaa Qaamphee – Hogganaa Oditii Muummichaa Oromiyaa #19faa Addee Hiruut Biraasaa – Komishinara Komishinii Naamusaafi Farra Malaammaltummaa Oromiyaa #20faa Obbo Geetuu Wayyeessaa – Daayireektara Olaanaa Dhaabbata Raadiyoo fi Teeleviziinii Oromiyaa Ta’uun Muudama isaanii Caffeen sagalee guutuun raggaasisee jira jedhu #OPDOn haarayati uumama jirti moo akki isii akkam.
Labsa walii Galtee Dhaabboto Oromoo ———————————————————————————————————————— Guyyaa: Onkololeessa 20, 2016 Lakkooysa: kwo/fido/Atbu /25/2016 Yeroon tun tan, sirni bittaa Ethiopia kan murna Tigrayn durfamu, ardii Oromiyaa irratti, basaan-baasaa gad-na baasaa jechaa jiru. Gocha farra namummaa fii jireenyaa, kan shanyii duguuggaa ummata biyya sanii keeysaahuu ummata Oromoo irratti geggeeysaa jira. Ummata ayyaana kabajatuuf nagayaan, Hora Arsadee irratti kumaatamaan wal gahe, lafaa fi samiin rasaa itti roobsee murruqii itti buusee. Karaa biraatiin, Oromoota jilmaan hidhe, mana hidhaa ibiddaan qanqaamee, kan duraa fiiguu yaale rasaasaan lafaa guuruun, wanni nama agarsiisu, tuutni mootummaa ifiin ju’u sun, namooma dhaba isaaniiti. Daranuu baasa tahee, yakka isaa mirkanii seeraa itti godhuuf, maqaafillee tahu, bulmaata ummataa kan ture, labsa sardamaa, kan humna waraanaatiin geggeeyfamu itti baase. Labsa kana jalatti, waraanni raayyaa, kan humna ‘Agaazii’ jechuun beekkamtu, lubbuu namaa akka busaawaa gaaraatii gatuuf mirga kennaafi. Haalli akkanaa, addunyaa ilma namaa tokkollee keeysatti dhagahamee waan beekkamuu miti. Haa tahuu malee, akka gootichi Oromoo, Adam Jiloo je’e, “Ummanni Oromoo biyyeedha, gabroomfataan ammo haxooytuudha.” If dhiba malee ajeechaan ummata keenya fixuus, qabsoo itti jiru irraa igguruu hafee, daran jabeeysa. Inumaa, godaannisa seenaa kan gaafa Harma-muree fii Calii Calanqoo madeesee, ummata Oromoo qabsoo bilisummaa akka finiinsu taasisaa jira. Ummanni Oromoo, weerara irra jira; mootummaan Tigree ammo, taaytaa irra turuuf if ittisa keeysa jirti.
Ummanni Oromoo, weerara irra jira; mootummaan Tigree ammo, taaytaa irra turuuf if ittisa keeysa jirti. Qeeyroon Bilisummaa, akka kannisa orraadhaati, iddoo hundaa ka’ee, humna diinaa rooraasee, waan qabatuu fi dhiisu wallaalchisaa jiraatuu arkaa jirra. Utubaa mootumichaa abbaa-irrree, kan tahe qabeenya hoogganoota TPLF barbadeeysuun, karaa hundaan bitii- gurgurii waxii itti muruun toofataa qabsoo kan afshaalummaan qindaawe kan ummanni keenya geggeeysaa jiru fakkii seenaa qabsoo addunyaa keeysatti argamee tan beekkamne tahuu qofa osoo hin tahin dinqisiifamaadha. Ilamaan Oromoo, kanneen wayyaaneen hujiin isaatiin annjefatuuf jaarratte irraa hoongawaa jirti. Keeysaa, akka rirmaati isa bocuu, hujii isaanii saaxiluu fii danquu bira taranii, heedduun isaanii afaan qawwee diina isaan erge irratti gara-galchaa jiru; jabaadhaa seenaa boonsaa hojjadhaa jennaani. Oromiyaan humna alagaatiin boojihamtee, irree alagaa jala jirti. Humna caalaan/ humna gitu horuun qofaan ummanni Oromoo abbaa haqa isaa taha. Nu dhaaboleen siyaasaa, Adda Walabummaa Dimokraatummaa Oromiyaa, Adda Walabummaa Oromiyaa fii Adda Tokkumaa Bilisummaa Ummata Oromoo tiin angafee, qabsoo ummanni keenya, walabummaa Oromiyaa fii bilisummaa isaatiif godhaa jiru, keeysatti argamnee, Oromoo humneeysuuf yoomuyyuu daran tokkumaan kaanee jirra. Kan abdatan Rabbii; saba-bicuu Tigree ifirraa kaafnee Oromiyaa bilisoomsuu tabaroo gahaa akka qabnu ummanni keenya mirkaneesee jira; if booda deebiin abduma hin jirtu. Tokkummaan humna! Oromiyaa ni bilisoomti!
Gaaffii fi Deebii Guutuu kana cuqaasuun dhaggefadhaa
“Warra qabsoo waliin eegaltan of-irraa ariitee fixxee qofaatti hafte. Ijoollee ganda tokkoo qofa walitti funaantee addunyaa irra facaaftee akka saree maraatuu nutti dutuu fi nu ciniinuu malee qabsoo Oromoo taakkuu tokko achi butuu hin dandeenye.” Ayyaana waggaaf godhadhaa! Jaale Daawud Ibsaa Ayyaanaaf (Hogganaa ABO-SG) Bakka jirtutti nagaan kiyya kabajaa fi jaallumaa durii siif haa tahu! Jaalakoo ganamaa, qabsaawaa Oromoo bara jireenya kee qabsoo irratti dabarsitee lubbuun har’a gahuunkee hedduu nu gammachiisa. Firaaf abdii, diinaaf yaaddoo turuunkees ni yaadatama. Haa tahu malee, bara 1998 yeroo Hogganaa olaanaa ABO taatee filamtu QBO bakkaan geessa jennee abdii guddaa sirra keenyee turre. Addi Bilisummaa Oromoo rakkoo haa qabaatu malee rokkoonsaa tokko ture. Waggaa 3 keessatti fuutee bakka lamatti cabsitee cabaa guddaa fudhattee Asmaraatti hafte. Waggaa 3 booda gamaa gamanaa walitti funaantee kora sabaa jettee waan hin fakkaanne tokko gammoojjii Ertiraa keessatti geggeessite. Namoota qabsoo hidhannoo dhiisii maatii fi ofii isaanii iyyuu hogganuu hin dandeenye hogganoota olaanoo gootee muudattee, ”gadaan gadaa bilisummaa ti” jettee nuuf dhaamte. Hogganarra waggaa 6 guutte jechuu dha. Waggaa 4 booda gaafa akka ati kora sabaaf qophaawaa hin jirre baran murni keessaan sitti dammaqe tokko fincilee bahuudhaan ‘’jijjiirama’’ jedhee fottoqe. ABO waggaa torban si harka turetti 3tti baqaqe jechuu dha. Kora sobaa 3ffaa isa dabre kan fakkaatu illee osoo hin waamin waggaan 8 dabree barri 2012 dhufe. ABO in 3 ture afur, shan. . . tahuudhaan akka ‘’hydrea’’ ofiin ciccitee lubbuu horachuu eegalee, ganda dandatti galee hafe.
Hangasitti ati waggaa 14f hoggana turuunkee ifaa dha. Tarii haalatu hin mijanneef taha jenneen obsaan si dhaggeeffataa turre. Namoota maqaa gandummaan si balaaleffatanis sirraa qolataa turre. Har’a-bor jijjiirama fidinnaa jennee osuma eegnuu barri 2016 seente. Waggaan 18 kuttee, ABO kudha meeqa taatee, gabrummaan hundee nuratti jabeeffatte. Kana gorsitoonni kee maaliif sitti hin himini akka turan hin beekne. Mara Nuti sababakeetti akka Wallaggaatti dhalachuu keenyatti qaanofnu taanee, itti arrabsamnee salphataa jirra. Osoo wareegama hanga lubbuutti kafalluu, sun gatii dhabee itti arrabsamuun keenya haqa miti. Kana atis hubatuu hin dadhabne. Kanaaf har’aafi bor osoo hin jenne Kora Hatattamaa waamii, ABO caccabee gandatti galee taahu akka walitti deebi’uuf carraaqii baallii QBO dabarsi. Kora hatattamaa kana akka bakkaan gahaniif qabsaawota ABO duraanii kanneen akka (Galaasaa Dilboo, Xahaa Abdii, Zagayee Asfaawu . . . faa) fi miseensota WBO duraanii addunyaa irra faca’anii jiran waamii dirqama itti kenni. Qaanii fi saalfii keessaa nu baasi. Gaafas nutis ija jabaannee akka bakka tokkotti waliin dhalanne dubbanna. Yoo yaandi kiyya kun ammallee fudhatamuu baate, takka turees sitti deebi’uun kiyya hin hafu. Baasii kora hatattamaa kanaa fi bakka isaa ammoo nuti dirqama fudhannee irratti hojjenna. Jireenya soora kee ilaalchisee nuti ilmaan Oromoo biyya ambaa jiraannu dirqama fudhannee si qubsiifna. Natti hin mufatin, garaatu na didee, usuu yaalus didee na tuxxuqa. Bakkan deemutti mataa gadi qabadheen dadhabe. Ni gaha, qaaniin na gaheera. Ekeraa fi dhaamsa Abbayeetu hirriba na dhorke. Halkan hirriba keessaa ka’ee taahuun nuffe.
Halkan hirriba keessaa ka’ee taahuun nuffe. Eeenyuttan himadha, dhukkuba kiyya bulgaafachuu malee. Maali hamma yoomiittii? Himimmaan kiyya rabbi haa argu! Nagaa wajjin, Galatoomi! Mathias Gudina irraa.
Afaan Arabaan odeeffannoo tamsaasuuf OMN sagantaafate balaaleffatuun dogoggora Leenjiso Horo Amajii 2017 Sab-qunnamtii Oromoo kamiyyuu kan Oromiyaa, Oromoo fi qabsoo Oromoo tan haqaa addunyaa barsiisu irratti olola oofuunii fi balalleeffatuun dogoggora hiriyyaa hin qabne. Qabsoo haqaa, qabsoo saba koloneeffatamee fi biyya koloneeffatamee ti. Oromoon saba koloneeffatame; Oromiyaa biyya koloneeffatame. Qabsoon Oromoo, qabsoo bilisummaa fi walabummaa ti. Qabsoo sabummaa ti; qabsoo biyyummaa ti. Kanaaf, qabsoon kun qabsoo haqaa ti. OMN Afaan Arabaatiin Oromiyaa, Oromoo, aadaa, fi qabsoo bilisummaa Oromoo ibsuu fi barsiisuu jalqabee jiraatuun isaa ifaa dha. Kun waan Oromoon hawwuu fi jaalatu. Sagantaa nama boonsuu fi gammachiisu. Gama biraatiin ammoo, nam-tokkee fi garreewwan sagantaa kanatti hin gammanne duula balaaleffanaa irratti oofaa jiraatuu isaaniituu argina. Sab-qunnamtiin Saba kamiiyyuu, Saba, qabsoo saba isaa fi biyyaa isaa addunyaa barsiisuun waanuma seenaa saboota qabsoo godhanii kamiyyuu keessatti godhamaa ture. Sab-qunamtiin meeshaa barumsaa ti. Ija sabaa isaa ti. Abukaatoo sabaa isaa ti. Akkasumaas, sab-qunnamtiin tokko Saba isaatiif gargaarsa argmsiisuuf ta’ee, mararfannaa horachuufiis ta’ee ykn akka sabootni sun diina saba isaa hin deegarreefiis ta’ee Afaan biyyoota sanaatti fayyadamuudhaan barsiisuun barbaachisaa dha. Kun waanuma adunyaan ittiin fayyadamaa turee fi jiru. Waan haarawaa miti. Kanaaf, OMN kanarratti saganteeffatuun isa waan eebifamaa dha; jajjabeeffamuu fi leellifamuullee qabaas. Kun qabsoo bilisummaa Oromootiif akka balaatti ilallamuu odoo hin taane, akka milkaawwinnaa fi injifannotti ilaalamuu qaba. Haata’u malee, har’a sagantaa OMN Afaan Arabaatiin biyyoota Afaan kana dubbataniif darbsuuf saganteeffatuu isaa irratti kanneen dantaa yeroo, kan murna isaanii malee hegeree qabsoo bilisummaa Oromoo ifduratti hin laalle qabsoo bilisummaa Oromoo dhimma amantiin walitti hidhanii ummata Oromoo walitti buusuuf olola hamaa fi hammaata oofaa jiraachuun isaanii ifa ta’ee jira.
Fedhiin murna kanaa ykn nam-tokkee kanaa Afaanii fi amantii walitti fiduudhaan, ummata Oromoo jiddutti shakkii, mama, garaagarummaa fi jibbansa ummuuf yaalii godhmaa jiru. Dhugaan himamuu qabuu fi lammiiwwan Oromoo hubatuu qaban, xiyyeeffannaan farreewwan kanaa tokkummaa Oromoo diiguu, qabsoo bilisummaa Oromoo dhageettii dhoogguu, ukkamsuu, laamshessuu fi dhabamsiissuf yaalii fi tattaafii godhaa jiru; godhaallee turan. Kana dura dhaabatamuun, dirqama lammummaa ti. Dhugaan lafa jiru, Afaan Arabaa Afaan ummata bala’a naannoo Oromiyaa jiraatuu ti. Addunyaa keessa, ummata miliyoona dhibba afurii fi digdamatu Afaann kana dubbata. Naannooma Oromiyaa duwwaa ummata miliyoona heddutu Afaan kana dubbata. Afaan isaaniitiin waayee Oromiyaa, Oromoo fi qabsoo bilisummaa Oromoo isaaniif ibsuun, himuun, fi isaan barsiisuun dhimma amantii miti. Afaan Arabaatiin sanyii duguggaa, hidhaa, guraarasa, ajjeechaa, hacuuccaa, saamiinsaa fi hiyyummaa gadaddoo, Wayyaaneen Oromoo fi Oromiyaa irratti raawwataa jirtu, saboota Afaan Arabaa dubbatuuf himuun yakkaa miti; balaa dalaguu miti; amantiillee miti. Akkuma beekkamu, waggoota hedduuf Suudaan qabsoo keenya deeggaraa fi mararfataa ture. Kuniis kan ta’eef, waayee keenya Afaan ummatni Suudaan dubbatu Afaan Arabaatiin waan itti ibsameef. Biyyootni kolonii Awroppaa jalatti kufan, waggoota qabsoo bilisummaa isaanii godhaa turan, Afaanuma koloneeffataatiin saboota lammii koloneeffatatti himaa turan. Oromoonis, kanumaaf wanti Afaan Amhaaraatiin Amhaaraa fi saboota impaayera Itoophiyaa keessa jiraatan kan Oromiffaa hin beekneef wanti himamaa jiruuf. Sab-qunnatiin saba kamiiyyuu, rakkinna saba isaa, saba gara biraatiif Afaanuma saba saniitiin ibsuun balleessaa miti, sirii dha malee. Lammiiwwan Oromo kan beekaas ta’ee ykn odoo hin beekin OMN Afaan Arabaatiin odeeffannoo tamsaasuu kan balalleeffataa jirtan diqqoo dhaabatanii odoo ittiyaadanii bareedaa dha.
Lammiiwwan Oromo kan beekaas ta’ee ykn odoo hin beekin OMN Afaan Arabaatiin odeeffannoo tamsaasuu kan balalleeffataa jirtan diqqoo dhaabatanii odoo ittiyaadanii bareedaa dha. Balaaleffanaan kun gara makmaaksa Oromoo: “Horii abbaan gaafa cabse, ormi ija balleessa” jedhutti akka nu geessine, of eegganoo guddaa gochuun barbaachisaa dha. Har’a, Wayyaaneen gaafa OMN bu’uurfamee odeeffannoo Oromiyaa keessa tamsaasuu jalqabee, itti duulaa turuunii fi ammaas itti duulaa jiraatuun ifaa dha. ‘Dish’ Oromoon odeeffannoo Televiziyoona OMN dabarsuu dhageeffatuuf qaban mana isaanii irraa caccabsaa akka turte waan irraanfatamuu miti. Amma ammoo, OMN Afaan Arabaatiin odeeffannoo Oromiyaa kan olaa Oromiyaa jiraatan kan dhiyootii fi kan fagootiifiis waayee Oromoo fi Oromoo dhageesisuuf saganteeffanaan, Wayyaaneen sadarkaa ol’aanatti duula hamaa irratti bobbaaftee oofaa jirti. Lammiiwwaan Oromoo kan sagantaa OMN balaaleffataa jirtan, balaaleffanaan kun diina Oromoo Wayyaanee wajjiin akka isin dhaabaa jiru hubatuu qabdan. Kanaaf, dhaabatamee, yeroon fudhatamee ittiyaaduun barbaachisaa dha. Gabaabamatti, lammiiwwan Oromoo dhaabbii dhaabataa irkoo qabsoo bilisummaa Oromootiif ta’u qabaachuun barbaachisaa dha. Deegaruunis ni feessa. Dura dhaabatuun, mormuun fi abaaruun furmaataa miti. Haala akkanaa irraa of qusachuun barbaachisaa dha. Kanaaf, qabsoo bilisummaa Oromoo addunyaa hubbachiisuu fi barsiisuuf OMN hamma humni isaa danda’etti Afaan hundaan waayee Oromoo fi Oromiyaa dabarsuun qabsoo bilisummaa Oromoo gargaara malee hin miidhu. Oromiyaa NI Bilisoomti!
“Lammaa Magarsaa fi Sabboontonni OPDO Tokko Tokko”?! Baarentuu gadaa Irraa// “Sabboonummaan maali, eenyutu sabboona dha? Eenyu yoo maal godhee fi hojjete sabboonaa jedhama” Gaafii jedhuuf deebiin namootaa ykn akki itti sabboonumaan ifu namootarra namootatti addaa addummaa xixiqqoo qabaachuu mala. Haata’uutii dhugaan nama hundumaa walii galchu jechi “Sabboonummaa” jedhu walittii hidhaa jechoota lamaa ta’uudha. Hikkaan jechoonni kun walitti qaanja’uun kennanis ifa waan ta’eef burjaaja’ins hiikoo gama kanaan muldhatu hin jiru. ykn harki guddeessi namaa ibsa dabalataa malee hiikoo jecha kanaa irratti walii gala. Sabboonummaan jecha “Saba” jedhuu fi “Boonuu” jedhurra akka maddu eenyufuu ifaadha. Jechoonni kun lamaan walitti qaanja’uun ergaa barbaadamu dabrsaa turaniiru dabrsaas jiru. Saba + Boonuu= Sabboonaa, sabboontuu, sabboontoota jechuu dandeenya. Maddi jecha kanaa erga kana ta’ee ergaan isaas maal akka ta’e eenyufuu ifaadha. Jechi sabboonaa ykn sabboontuu jedhuu kun kallattiidhaan ergaa “Saba ofiitin boonuu” jedhu dabarsa.Saba ofiitiin boonuun ammoo nama afaan Oromoo dhagahu maraafuu hikni isaa ifaa dha. Jechu sabboonaa, sabboontuu, sabboontoota jedhu kun hikkaan isaa kana caalaas guddaa fi ulfaatadha. Hiikoo saba ofiin boonuu jedhu qofaan jecha Loggomamuu miti. Hiikoo hedduu gadi fagoo ta’e kan jechaan ibsuun hin danda’amne qaba. Sabboonummaan yoo xiqqaatee xiqqaate saba ittiin bonana saniif quuqamuu, quuqamaniis rakkoo saba ittiin boonan sanirra gahuuf badaduu gaafata. Roorroo fi balaa saba ittiin boonan sanirra gahuuf falamuu, amma wareegamaa deemanii sabicha dura ana na’aansaa osoon ani jiru sabni koo hin miidhamu itti hin roorrifamu jechuu gaafata.
Walumaa galatti sabboonumaan yoo xiqqaatee xiqqate yeroo sabni ofii diinaan lolu cinaa goranii waliin loluu gaafata. Dhaggeeffattoota keenya hiika gadi fageenyaa jechi sabboonaa, sabboontuu, sabboontoota jedhu kun qabu cinaatti dhiifnee isuma salphaa yoo lammiin diina ofirraa lolatu lammii cinaa dhaabbatuun diinaan lolu jedhu fudhannee ilaalle namoonni nuti sabboonadha, sabboontudha, sabboontoota jennuun kan akkamiiti? mee takka of haa gafaannu. dhugaa namoonni nuti sabboonaa sabboontuu jennuun saba isaaniin boonuu, saba isaaniif wareegama lubbuu kaffaluu, ykn kaffalaniiruu, lakkii saba koo hin xuqxu jedhanii diina dura waan danda;aniin dhaabbataniiru? Mee namoota miidiyaa hawaasumama kanneen akka FB, Tuwterii, weebsaayitoota adda addaarratti barreessinu ykn raadiytoo fi TV irratti faarsaa ollu of duuba garagallee yaa ilaallu . Dhuguma namoonni nuti dhihoodhayis haa ta’u fagoodhaa abaluun sabboonadha ykn sabboontuudha jennuun akkuma hiikoo sabboonummaan qabuutti sabboontootaa? Ummata isaaniif ni falmuu,? Ummata koo dura balaan dhufe ana nahaa fudhatu jedhuu? Kana isnuma warreen hiikaa sabboonummaa osoo hin beekne kan argitan mara miidiyaa haawasummaarratti baatanii ragaa malee, dhugaa malee haasawa faanii qofa ilaalatnii nama duuban diina waliin dhaabatee ummata isaa ficisiisaa oluun abaluun sabboonaa, sabboontuudha jechaa oltanii fi bultaniifan dhiisa. Tibba kana odoon ‘Face Book’ fi weebsaayitoota adda addaa sakata’uu ykn waan namoota adda addaatiin maxxanfaman dubbisuu waayee miseensota OPDO arge. Barruun gabaabaan ‘FB’ irratti maxxane kun ‘Lammaa Magasaa fi Miseensoota OPDO tokko tokko’ ilaallata. Namni barruu kana maxxansemmoo nama wayyaaneen na dararte jedhee biyyaa baqatee Ameerikaa Tiraanpiin bulaa jirtu keessa jiruu dha.
Barrichi akkas jedha, “Pireezidaantiin naannoo Oromiyaa Lammaa Magarsaa fi sabboontonni Oromoo OPDO keessa jiran tooko tokko haalli amma itti jiran Wayyaanee waliin walitti buusuun isaa hin oolu” jedha. Barruun kun dheeraa ta’us ani isheedhuma ‘ijoo dubbii’ keenyaa taate kan “Lammaa Magarsaa fi sabboontoota OPDO keessa jiran tokkoo tokko” jettu tanan keessaa fudhe. Hubadhaa “Lammaa Magarsaa fi sabboontonni OPDO keessa jiran tokko tokko” hima jettu tana. Akka hima kanaattii fi itti fufiinsaan dubbisetti “Lammaa Magarsaa sabboona dha”, himni kun Lammaa qofaanuu hin dhaabbanne. Lammaa Bira darbees isa birattuu Sabboontonni qondaalonni OPDO biros jiraachuu nutti himuu yaala. Raajidha!. Kabajamtoota dubbiftoota ykn dhaggeeffattoota! gaafiin guddaan asirratti ka’uu qabu waayee hiika sabboonummaati? Innis Erga Lammaa Magarsaa fi waayiloonni isaa warri wayyaanee waliin ta’anii waggoottan 25n darbaniif ilmaan Oromoo ficisiisaa turanii fi jiran ummata bulchaa jirra jedhan ajjeesaa sabboontota ta’anii inni Oromoof du’aa turee fi jiru maal haa jedhamu? isaan saba isaanif jedhnii baadiyyaa magaalaatti waraana Aga’aaziitin dhumaa turnaii fi jiran hoo maal jedhamu? Maal jennaani? Isaan saba isaanitiif mana hidhaatti manakaraaraa jiran, isaan saba isaaniif jedhanii waraana Wayyaaneetiin qaamaa hirdhatan, Isaan tikkoota wayyaaneetiin eessa buteen isaanii dhabame maqaa maaliin waamamu? Qondaalonni OPDO kun keessumaa Lammaa Magarsaa waggoota 25n darbaniif Oromoo ajjeesuu fi ajjeechisiisuu malee maal Oromoof hojjete? Ammumallee Aga’aaziin Maqaa Komaandi Postiin Oromootti bobba’ee yoo fixu mee maal dubbate? Ammas kan OPDO irraa argaa jirru dhiphuu qabsoon Oromoo itti bulcherraa warra Wayyaaneen ergamanii sobanii nama Oromoof nahan fakkaatanii warra bara bittaa Wayyaanee dheereessuuf hidhii xuuxaa jiraachuu isaaniti.
Isas ta’ee wayiloonni isaa gantoota! Isaan kanarraa ammoo sabbonummaan ni calaqqisa jedhanii dubbachuun ykn barreessuun maal jechuudha? Kun dhugaa dubbachuudhaaf dhiiga namatti qoosuu dha! Wareegama qeerroo Oromoo haranii hallayyaatti gatuuf tattaafachuudha! Haasaan akkanaa gita lammii ta’uu dhiisanii; gita diinaa ta’uu dha ifatti mirkaneessa. Lammaa Magarsaas ta’ee waayiloonni isaa qondaaloonni OPDO karaa kamiinuu sabboontoota ta’uu hin danda’an, quuqama Oromoos hin qaban. Qondaaloonni OPDO keessaawuu Lammaa Magarsaa fi kaabinoonni isaa isaanuu Wayyaaneedha, isaanuu Aga’aazi dha, isaanuu liyyuu Hayilii ummata Oromoo fixaa turanii fi jiranii dha. Warri har’a waltajjii adda addaarratti afaan mi’eeffatanii haasawaa jiran kun hunduu sobdoota, kijibdoota, warra harkii isaanii dhiiga ilmaan Oromootiin xuraayeedha, Cubbamtoota dhiigni ilmaan Oromoo isaanirraa iyyaa jiruu dha. Gumaatu irra jira, isaaniif Oromoon warra gumaati. Nama harki saa dhiiga namaatiin xuraayee ammoo sabboonaa jedhanii waamuun yakka. yakka yakka caaluudha. Namni yakkamaa saba isaa gurgurate sabboonaa jedhee yaamus, inni owwaatus yakkamtoota. Namni waan ka’uumsa dubbii kanaa kan ta’e Lammaa Magrsaa Fi Sabboontoota OPDO tokko tokko jedhee barreessees haata’u kanneen biroo waan walfakkaataa karaa miidiyaa hawaasaa facaasaa oolan beekees haa ta’u osoo hin beekiin kan itti jiran yyakka ta’uu hubatanii osoo irraa dhaabbatanii dansaadha! Dhiiga ilmaan Oromoo saba isaaniif wareegamaa turanii fi jiranirratti qoosuu jiru waan ta’eef dhiisaa jedhamuu qabu. Gochi akkanaa gantummaattis nama rammachiisa! Kanarraa ka’uun waan jedhanirratti xiinxalaa fi beekumsa gahaa qabaachuun dansaa dha! Gantoonni kalees hara’as bara hamaa dabrfachuuf sobanii maqaa saba kanaatin haa daldalan malee aantummaa saba Oromoo hin qaban, Lammaa Magarsaas ta’ee qondaaltoonni OPDO ergamtoonni Wayyaanee hunduu sabboonummaa mitii quuqama takkaawuu ummata Oromoo maqaa isaatiin daladalaa jiraniif hin qaban.
Gantoonni kalees hara’as bara hamaa dabrfachuuf sobanii maqaa saba kanaatin haa daldalan malee aantummaa saba Oromoo hin qaban, Lammaa Magarsaas ta’ee qondaaltoonni OPDO ergamtoonni Wayyaanee hunduu sabboonummaa mitii quuqama takkaawuu ummata Oromoo maqaa isaatiin daladalaa jiraniif hin qaban. Hojiin isaan ittiin beekamanii fi ittiin jiraachaa jiran ergamummaa dha. Oromoo ajjeesaa, hidhaa fi hisiisaa bara saamichaa fi bittaa Wayaanee dheereesuu dha. Kun dhugaa qabatamaa, hojii saanii ifatti beekamuu fi kan waggoota 25n darbaniif itti turaniidha. Jarreen kanaaf sabboonummaa kennuun ammoo yakka. Cubbuudhasii. Kanumarraa ka’uun namni kamuu lafumaa ka’ee ergamtoota, garaaf bultoota saba isaanii gurgarataa jiran kanneeniin beekaas haa ta’u osoo hin beekiin “Sabaan Boonaa, Sabaan Boontuu, sabaan Boontoota walumaa galatti sabboontoota” jechuun gadhummaa dha! Doofummaadha! Qondaaloonni OPDO yakkamtoota, xurooftoota seenaati! Gataa Boosattiiti! Mujjaa, Buqqee kosiirra biqilan; warra quuqamni namummaa keessa hin jirree dha! Xurooftoota seenaa, atalaa, koosii Wayyaanee yakkamtootaa fi ergamtoota kanaaf ammoo maqaa hin fakaannee fi gotota Oromoof kennamu itti maxansuun qoosaa dha. Qoosaa akkanaa qoosuurra ammoo kan ta’uu qabu; warri beekaas haata’u odoo hin beekin maqaa isaanii hin malle itti tolchuuf kaachaa jiran kun odoo ummat Oromoo fi qabsaawoota ilmaan isaa WBO/Qeerroo duukaa hiriiruun waan danda’aniin jajjabeessanii, kosii Wayyaanootaa kana ofirra gatuu keessatti hirmaatanii irra dansaadha! Kan sabboonummaa namatti uwwisuu fi sabboonaa, Sabboontuu nama godhus hojii akkanaati malee oduu hin fakkaanne odeessuu miti!
Gabaasa guutuu kana cuqaasuun dhaggeeffadhaa
~Rakkoo OMN fi hojjettoota isaa gidduu turee fi jiru ilaalchisee qorannoo fi murtii kiyya~ ~The Verdict is in (murtiin kennameera) ⚖️ OMN gaafa bu’uureffamu irraa eegalee rakkoo kaayyoo hin qabu. Rakkoon bulchiinsaa malee. 1. OMN seera ittiin bu’uureffamaa (article of incorporation) guutee akka seera Amerikaatti galmaahee haa ijaaramu iyyuu malee seera ifaa kan gaazexxeessitoota ittiin bulchuu fi bobbaasu hin qabu ture. Rakkoon kun ani kan natti mul’ate yeroon prezidaantii Waldaa Hawaasa Oromoo Minisootaa(WHOM) ture gaafa bu’uureffama isaa irratti afeerameen ture. Haasaa kiyya keessattis OMN akka Oromoota mara wal-qixa tajaajilu (Communal harmony) dhaamsa dabarfadheen ture (daqiiqaa 15:25 irraa dhaggeeffadhu .https://www.youtube.com/watch?v=Nd0ANNXnjJk.) Kan dhaggeeffatee hubate garuu hin turre. Ani waanan yeros hubadhe keessaa: ~ Miseensonni jaarmiyaa siyaasaa ‘board of Trustee’ keessatti ramadamuun dubbii akka dabsu natti balaqqeessa’ee ture. Ulaagaan miseensonni boordii itti filaman illee dhoksaa ture. Hundi keenya iyyuu osoo shakkii sana qabnuu kaayyoon OMN ijaaruu 100% gaarii tahuu isaa waan itti amanneef bultiin jajjabeessina jennee bira tarre. ~Miseensonni boordii biyya gara garaa taa’anii waan hojjetaniif hojiin isaa saffisaan deemuu akka hin dandeenye xinxalee walgahii isaanii tokko irratti yaada kenne (video clip isaa barbaadeen dhabe). Akkuma kanaan waajjira MN kireeffatanii achi godaanan. ~ Ramaddiin koree hojii raawwachiifruu fi ‘local chapter’ qajeelfama ifaa tahe hin qabu ture. 2. Rakkoon OMN yeroo bu’uureffamu irraa eegalee namoota bu’uureffamuu isaa keessaa qooda fudhatanii sababa garaa garaan keessaa hafan qorannee akka araarsinuuf miseensionni WHOM waan boordii WHOMtti dhiheessaniif boordiin prezidaantiin akka qoratee murtiif dhiheessu dirqama natti kennan.
Anis namoota yeros hirmaanna keessaa qabaataa turan 1. Dr. Solomon Ungashee, 2. Mohamed Adamo, 3. Tigist Gamme, 4. Ahmed Yasin, 5. Jawaar Mohamed fi 6. Ayana Ayantutti xalayaa erge. Kanneen 4n duraa kabajaan deebii ibsa rakkichaa bal’inaan kan deebisan yeroo tahu Jawaar ammoo gaaffii keenya karaa board of trustee akka deebifamu nuuf akeekee ture. Board of Trusteen OMN illee osoo deebii hin kennin turee gaafa Abbaan Duulaa Minisootaa dhufe, dhufuu isaa sababa godhachuun miseensonni Board of trustee fi local chapter keessa turan karaa hawaasaa jeequmsa uumuu waan carraaqaniif dubbiin kun hawaasa bakka 2tti diiguu mala kan jedhuun sodaan natti seennaan boordiin dhimma kana akka qabbaneessu taasiseera. Hawaasnis diigumsarraa hafee dubbiin isaa qabbanaawee OMNis hojii isaaitti fufe. Anis gaafa kana pirezidaantummaa irraa lakkisuu akkan qabu boordiiwaliin marihannee filannoo haaraa geggeessinee aangoo dabarsee bu’e. Dubbiin isaa akkanumaan rarra’ee hafe. Miseensonni ‘board of trustee’ OMN turanis tokko tokkoon keessaa luqqa’uutti ka’an. Rakkoon kun maaliif bubbule? Badiin isaa kan eenyuu ti? ~~Rakkoon OMN keessaa calqabaa hanga ammaa dadhabiinsaa fi itti gaafatamummaa ‘Board of Trustee’ ti. Sababni isaa gaafa eegalaa irraa kaasee sababa namoonni akka Dr. Solomon, Mohamed Adamo, Ahmed Yasin, Tigist Gammee . .. kkf maaliif akka keessaa hafan qoratee murtii dabarsee murtii sana uummataaf beeksisuutu irra ture. Itti fufiinsaan rakkoo dhalaa deemu furaa, seera ittiin bulmaataa fi ‘ethical leadership prilciples’ hojii irra oolchaa deemuun barbaachisaa ture. Akkan hubadhutti bulchiinsi OMN laissez-faire (akka-feetee) natti fakkaata. Tartiibni hojii, daangaan hojjettootaa, caasaan ajajjaa isaanii ifaa miti.
Seerri hojjetaan ittiin bulu seera hojii mootummaa naannoo Mineisotaa ti. ‘Employment at will’ jedhama. Hojjechiisaan yeroo barbaadetti hojii irraa si geggeessuu dandaha, atis yeroo barbaaddetti hojii lakkisuu dandeessa sababa tokko malee. Yoo hojii irraa arihamte gargaarsa mootummaa torban 26f argachuu dandeessa. Hagasitti leenjii tolaa fudhattee hojii biraa barbaaddatta. OMN ammoo seera keessaa hojjetaa isaa ittiin bulchuu fi naamusa isaan hordofuu qaban ibseefii koppii isaa faayila dhuunfaa isaanii keessa kaa’uu qaba. Dhimmi isaa kana osoo tahee jiruu rakkoo hanqina bulchiinsaa kana irraan kan ka’e hojjettooni hedduun lakkisanii deemuu dandahaniiru. Kan sababa dhuunfaa ykn sababa xiqqeenya miindaaf dhiisan illee jiraachuu malu. Tokkoon tokkoon isaanii waanan qoradhee hin gaafatiniif kun tilmaama kiyya. ~~Namoonni hojii irratti ramadaman, dirqama oduu gabaasuu fudhatanii deeman ifaan hin kaa’amne ykn ammoo sirriitti hojii irra hin oolle. Fakkeenyaaf osoo gaazexeessitoonni dhaabbatoon jiranii namoonni hojjetaa OMN hin taane dirqama hojii irratti bobba’uun waan seera dhaabbatichaa cabsu tahee natti argameera. Kun badii tahuu isaa ‘Board of Trustee’n ykn ‘Executive Committee’n wal’aalee osoo hin taane maaltu na-dhibeen callisee ilaaluufi itti gaafatamummaa isaa ofirraa dhiibuu tahuun isaa ifaa dha. ‘Board of Trustee’n waan sadiin itti gaafatama qaba 1. Due diligence, 2. duty of care and 3. Loyalty. Kana hir’isee argameera. ~~Kana osoon beekuu rakkoo OMN mudatu hundumaaf Jawaar Mohamed itti gaafatamaa gochuu fi balaaleffachuun sirrii miti. Sababni isaa yeroo inni daangaa dirqama isaa irra darbu kan qabee dhaabuu qabuu fi itti gaafachuu qabu qaama 2tu jira. Board of Trustees and Executive committee. They failed, and they failed the staff. Kanneen hojii irraa lakkisan mara galmee isaanii qoratanii murtii haq-qajeelloo (⚖) kennuun fardii ture.
Kana hin goone. Uummatatti bahanii itti gaafatamummaa fudhachuu qaban. ~Jawaarii fi Abdii: OMN bu’uura isaa irraa egalanii waliin deemuun uummatatti dubbataa, galii funaanaa turan. Yeroo dheeraaf sadarkaa walqitatti hojjechaa turanii gaafa Jawaar hojii geggeessaa tahu sadarkaan isaanii wal caalee ajajaa fi ajajamaatti jijjiirame. Calqaba irraa eegalee waan kana qalbeeffachaan ture. Jarri 2n akka sangoota hamtuu waliin gaareffataa waggaa sadii dabarsan. Qaamni bulchiinsaa silaa dubbii kana ilaalee hundee jalatti buqqisuutu irra ture. Badii Jawaar: Bakka ayyaanni OMN itti kabajamu hundumaa ofiif deemuu, namoota biraa erguun; oduu gabaasuuf osoo hojjetaan sirnaa mindaan ramadamee jiruu namoota biraa akka sagantaa OMN yeroo yerootti geggeessan gochuun haamilee gaazexeessitoota OMN kan cabsuu fi qulqullina hojii illee kan xiqqeessuu dha. Osoo Abdii fi Dajaneen (keessattuu kan waa’ee Ertiraa beeku) jiranii namoota biraa Ertiraatti bobbaasuun anaaf tuqaalee itti gaafatamummaa irra tarte waan taateef-Jawaar badiikee kana itti gaafatamummaan fudhadhu. (kanaan duras yaada kana irratti waa jedheen ture) Badii Abdi: Bu’uuressaa OMN yoo ta’e iyyuu hojjetaa OMN ta’ee caasaa OMNf hanga hojjetutti ajajaan isaa Jawaar tahuun ifaadha. Kan isa ajajjuu fi sagantaa hojii isaaf baasu Jawaar waan taheef waliin marihatanii hojjechuun dirqama. Itti dabalee ammoo rakkoon OMN keessa yoo jiraate achumatti hiikuu malee soshal mediyaatti bahanii rakkoo ofii ibsachuun dansaa miti. Kun badiidha. Bu’uurri hojii isaa Oromummaa fi haqa qofa malee gartummaan barbaachisaa natti hin fakkaatu. Waan kana waanan caqaseefan ‘’xaqqase’. Akka kanaan, adeemsa rakkoo turee kana qoradhee badii karaa hundaan ture iyyuu xiinxalee murtii armaan gadii kana dabarseen jira: Galagalchiin isaa Board of Trustees, Executive Committee, Jawaar Mohamed, Abdi Fixe fi hojjettoota OMN biroo akka qaqqabu akka tahu.
Akka kanaan, adeemsa rakkoo turee kana qoradhee badii karaa hundaan ture iyyuu xiinxalee murtii armaan gadii kana dabarseen jira: Galagalchiin isaa Board of Trustees, Executive Committee, Jawaar Mohamed, Abdi Fixe fi hojjettoota OMN biroo akka qaqqabu akka tahu. Murtii: 1. Koreen hojii geggeessituu fi Boordiin bulchiinsaa OMN Jawaar Mohamed fi Abdi Fixe walitti fidee 2n isaanitti dinnina kennee Abdiin hojii isaatti akka deebi’u, 2. Gara fuula duraatti rakkoon akkasii akka hin uumamneef boordiin daangaa hojii ifa baasee, seera naamusaa (ethical leadership) akka jiraatuuf haala mijeessuun barbaachisaa dha. 3. Boordii fi hojii geggeessitoonni OMN of sakatta’anii bifa uummataaf ifaa taheen of haa qeeqan uummata dhiifama haa gaafatan, 4. Uunnammi Oromoo gandaa fi kutaan walirra goruuf wixxifatu MARTI gab . . .gab . . . gab . . . jedhee akka dubbii kana dhaggeeffatu akka tahu ajajmeera. Namin ajaja kana hin fudhanne, dhalee hin guddifatin, hoosisee hin elmatin. Haa doomu. Oromummaan irraa haa mulqamu! Yetandiriq, St Mathias of The Giddaa Qumbii,
Hinaaffaan Obboo Jawaar addunyyaarra nanna’ee tumsa sabaa himaa OMN ummatarraa guuruu jabaatte TAAJJABBII -Kutaa 40 ffaa – OMN Eenyu eegale?-Galmee Seenaarraa! – 1. In mid 2012, I convinced myself it was time to start a sustainable Oromo media. I reached at that conclusion because I observed that a handful of Internet radio programs and a few TV broadcasts had started in the Diaspora. This hinted to me there was sufficient manpower and expertise to establish a strong media. I discussed the proposal with some people including Abraham Mosisa, Israe’l Soboqaa, and Abdi Fixee; they all encouraged me to push the idea forward. 2. I next contacted Jawar Mohammed and Mohammed Ademo separately. Jawar was unhappy that I shared the idea with Mohammed Ademo but I id not understand the reason at the time. 3. Soon after that OMN core committee of nine members was established. The members were: 1) Jawar Mohammed, 2) Arfase Gamada, 3)Girma Tadesse, 4) Micah Cirri, 5) Abdi Fiixee, 6) Ayyaantuu Tibeesso, 7) Mohammed Ademo, Tigist Geme, and 9) Solomon Ungashe. Of these 9 members Ayyantuu Tibeesso was unable to take and we did not fill her place. We conducted once or twice weekly teleconferences to move the project forward. 4. In late 2012 I went to Oromia and one of my responsibilities was to establish OMN on the ground there. I was tasked to recruit journalists who will work for us as reporters either on a permanent basis or as part time freelancers. I was working very closely with Mohammed Ademo on this matter. 5. In Mid 2013 Mohammed Ademo told us at our weekly teleconference that there was an opportunity to get Oromo issue aired on Aljazeera. We discussed about it and delegated Mohammed Ademo and Jawar Mohammed to take part in it. That led to Jawar declaring, “I am Oromo First” on TV and that as we know enraged the Habesha’s. 6. Shortly after that incident, Jawar suggested we should use Oromo First campaign to raise fund for OMN. We all agreed and decided that other committee members must take part in the campaign too.
The idea of me coming back to the US to take part in it was raised by Jawar himself but we decided against it because there were other things I was doing there and I also personal matters to attend to. So everybody else took part in the Oromo First campaign and we decided to end it in September 2013. 7. Once money was generated from Oromo communities, Arfase and I were assigned to see to it that the money was transferred to OMN account. This proved very difficult and OMN problem started at this point. Unbeknownst to us, Jawar Mohammed had created a parallel committee called Principal Coordinating Committee, PCC for short. Jawar and his wife Arfasse were members of this committee. Mohammed Ademo asked Jawar what the role of the PCC was. He assured us its role is simply to collect the fund and transfer it to OMN. That proved to be false. Week after week and month after month Arfasse and Jawar who were supposed to talk to PCC members and transfer the money to OMN kept giving one reason after another for failing to do so. Out of more than $300,000 collected by Oromo community only $20,000 was transferred to OMN account. We were very frustrated.  8. Meanwhile, Mohammed Ademo drafted bylaws and code of conduct for OMN. They were all excellent. I suggested a minor change that was accepted. Only Jawar Mohammed disagreed on a clause pertaining to politics and media and promised he will write an alternative clause instead. We agreed. We waited for more than 6 six weeks but he never produced the alternative clause he had promised. 9. Then it was time to nominate people to be on Board of Trustees. Jawar Mohammed suggested that members of the PCC should take part in the nomination and we all agreed. A joint OMN-PCC teleconference was called. The PCC had 11 members including Jawar and Arfase. The number of effective OMN members was hence 6. The discussion became the discussion of 6 against 11. The first topic to be discussed was criteria for selection of board members. A proposal was made by OMN founding member that those elected to be on board of trustees must not have a high level active participation in a political organization. All PCC members disagreed very strongly. There was no listening at all. The PCC did not come to discuss, they came to dictate and they had the vote to do whatever they wanted.
They therefore hand picked Board members without participation from us. 10. Early on we had discussed we will hire professional media person for short term to help us lay the foundation in Minneapolis. We wanted that person to be someone who has TV background and practical experience and we were looking for such a person. 11. Immediately after the first PCC-OMN joint meeting, Jawar convened PCC meeting and they decided that he will quit his studies at Colombia and move to Minneapolis to lead the founding effort. That meant they have over turned our earlier decision to hire an expert in media affairs. Mohammed Ademo and I said we should instead hire an experienced person. We also argued because Jawar is a prominent person in Ethiopian politics, the idea of him running OMN, a supposedly independent media, does not sound right. The PCC members all agreed with what Jawar said and Mohammed Ademo and I resigned the next morning. Tigist Geme followed us shortly after that. 12. It is important to grasp this chain of events. Jawar Mohammed established a separate committee called PCC that his wife chaired. This committee controlled the fund raised from Oromo communities. Because of good will we never objected to PCC joining OMN committee in the selection of board of directors. That turned out to be a fatal mistake on our part. With that action, Jawar put himself in a position to single handedly pick OMN board and executive committee members. 13. Dr. Birhanu Dirbaba is supposedly the editor in chief for OMN. But in reality Jawar has been acting as the editor in chief as well. Dr. Birhanu had resigned once over disagreement with what Jawar has been doing. He was rehired again after a prolonged intense plea by OMN board members. There is no guarantee that he will not leave again. 14. Micah Cirrii, one of the founding members resigned from OMN less than two months ago protesting Jawar Mohammed’s dictatorial actions.  15. Girma Tadese, Arafase and Jawar have agreed to make Jawar the editor in chief of OMN. The few people remaining with OMN rejected this idea and that is why it has not been announced yet. 16. Contrary to what OMN has announced, Ahmed Yasin and Kadiro Elemo quit protesting Jawar Mohammed’s dictatorial behavior. It surprises me why people do not call them and ask what the truth is.
It surprises me why people do not call them and ask what the truth is. 17. The exodus from OMN will continue unless solution is found immediately. The following actions are desperately needed. a. OMN board must appoint independent investigators. The investigators must speak to all parties concerned. b. Jawar’s role in the organization, and the pay he deserves must be decided and made public. c. A new executive director must be appointed in a transparent manner. Appointing someone hand picked by Jawar again is not going to solve the problem. d. The members of the Board of directors of a company are elected by people who invested in it. Oromo communities around the world are the investors in OMN. They should be the ones who can nominate and elect board of directors. This has to be codified in the OMN bylaws and implemented immediately. – BY Solomon Ungushe – 1. kan Miidiyaa kana hundeessewoo nama biraati maaf abbaan irrummaa keessaa guutee? 2. Namoonni miidiyaa kana ijaaraan maaliin keessaa carabamanii dhumani? STOP Dicatership! KD – Taajjabbiin itti fufa! – GALMI KEENYA EESSAA? = = = = = == = = = = = == == Hunduu lafa jiruu tattaafachuun dansa Jirallee hinfakkaatu namni hinbeekne kansaa Jiruun lafa kanaa galagaltoo taatee Diina gammachiisee qomootu walnyaate Quba qabaa ormaarra kan ofii dadhabne Utuu fagoo eegnuu kan dhihoon nyaatamne Adeemmiin fageenyaa dadhabbiin barootaa Tuutni waldiigeyyii ilbiisni sarootaa Jechi bitaaf mirgaa dalga darbatamu Qaalluun sabaaf yaadu raagaan fala himu Waliin mariyatee kan furuu dadhabe Dhukkubni joonjessee kan duuti adabe Jaartii mataa harrii qarree mataa daabee Jaarsa maanguddicha qeerroo fala dhabe Halkaniif guyyaani imalli adeemsaa Nutoo wal rakkifneem galmi keenya eessaa? – Beekan Gulummaa Irranaa’tiin
Karoora Ayyanaa Hundeeffama Liigii Dubartoota Dh.D.U.O waggaa 9ffaa itti Gaggeefamu Waajjiira Dh.D.U.O Go/H/Bahaa Caamsaa 2009 Harar Seensa Dhaabni keenya Dh.D.U.O.hirmaannaa fi fayyadamummaa dubartoota gama hundaan mirkannahu akka danda`u akkasumaas waltajjiin gabaasa dubartoota tahee akka tajaajiluu dandaa`uuf liigii dubartoota Dh.D.U.Obara 2001 akka hundaa`uu ta`ee jira Liigii keenya yeroo hundaa`u sagantaa siyaasaa dhaabaa haadhoo qabaatee akkaataa ergamaa fi kaayyoowwan fi ergamoota gurguddoo qabatee hundaa`e giddu galeessa godhachuun waggootan 9ffaan darban keessatti injifannoo gurguddoo galmeessa dhufee jira. Injifannoowwan gurguddoo gamaa`aa jiran irraa dubartootni godina keenyaa sadarkaa sadarkaa jiran akka hiraa fayyadamaa ta`aa jira. Hirmaannaa fi fayyadamumma dubartoota gamaa hundaan galmaa`aa jiru. Daraan cimee akka itti fuutuuf liigii keenya waltajiiwwan gurguddoo baraa kana gaggeessaa ture keessa haromsii liigii gaggeefamee kan ittiin mirkannesse fi haaromsa seenaa qabeessa turee jechuun ni danda`ama. Hundeefama waggaa 9ffaa liigii dubartoota Dh.D.U.O.kabajaamu sochii siyaasaa liigii keenya jalqabamee itti fufsisuuf misooma fi nageenya jalqabamee daran cimee akka itti fufuu ayyaana hundeeffama waggaa 9ffaa liigii keenya kabajuun barbaachisaa tahee argamee jira.
Hundeefama waggaa 9ffaa liigii dubartoota Dh.D.U.O.kabajaamu sochii siyaasaa liigii keenya jalqabamee itti fufsisuuf misooma fi nageenya jalqabamee daran cimee akka itti fufuu ayyaana hundeeffama waggaa 9ffaa liigii keenya kabajuun barbaachisaa tahee argamee jira. Kaayyoo kabaja Ayyaanaa keenyaa Galma Hojiilee Gurguddoo Hojjatamu Sadarkaa Godinaatti koreen Olaanaa Koree qophii Maateeriyaala Koree loojistikii fi Qophii iddo Koree Sab-Qunamtii Koree Hawiisoo Koree Keesumeesituu Haala Kabajaa Ayyaanaa Ayyaanni hundeeffama Liigii keenyaa wagga 9ffaa sadarkaa Godina kaasee hanga Araddatti haala ho’ina qabuun fi karaa bu’aa siyaasa irra argachu dandeenyuun marii paanaalii fi hojii misoomaan kabajuu Sadarkaa Araddattin Miseensii Liigii fi deegartoota keenyaa dubartoota adda dure ta’aniin hojatootaa mootumaa sadarkaa Araddaa jiran barsiisa, DA, Maanaajaraa fi Ex/Fayyaa waliin kabajuu Sadarkaa Aanaati Sadarkaa Godinatti Guyyaa Ayyaanni Itti Kabajamuu Sadarkaa araddaatti Aanaa fi magaalaatti Guyyaa 13-15tti kabajamee haa xumuramu Furmaataa
Deebin isin bira jirti👉
Wixineen labsii faayidaa addaa naannoon Oromiyaa Finfinneerraa argattu murteessu ifoome. Faayidaa addaa naannoon Oromiyaa magaalaa Finfinneerraa argattu ilaalchisee wixineen labsii qophaa’e ifoome. Heera mootummaa biyyattii keeyyata 49 keeyyata xiqqaa 5 irratti naannoon Oromiyaa faayidaa addaa argachuu qabdu ilaalchisee bal’inni isaa heeran akka murtaa’u ni kaa’a. Keeyyata kanaanis; 1ffaa. Dhiyeessii tajaajilaarraa faayidaa addaa, 2ffaa. Itti fayyadama qabeenya uumamaa fi eegumsa naannoorraa faayidaa addaa, 3ffaa.Magaalattiin walakkaa naannoo Oromiyaatti waan argamtuuf dhimmoota bulchiinsaa kaa’eera. Haalima kanaan hiikkaan heerichaa qophaa’era. Kanarrattis ADWUI fi mootummaan naannoo Oromiyaa, bulchiinsa magaalaa Finfinnee dabalatee dhaabbilee federaalaa addaddaas irratti mari’achaa turaniiru. Dhumarras hoji raawwachiisaan ADWUI ilaalee qaamoleen mootummaa irratti mari’achuun, seera ta’ee akka ba’u murteessaniiru. Manni Maree Ministiroota Ityoophiyaa dhimmicharratti ega mari’ateen boodas seera ta’ee akka ragga’u gara Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataatti dabarseera. Seerri amma ba’us magaalattiin handhuura Oromiyaa, teessoo biyyattii, dhaabbilee idil addunyaa, Gamtaa Afrikaa, sabaa fi sablammootaa akkuma taate kana ilaalcha keessa galchuun ba’eeras jedhe hoji raawwachiisaan ADWUI. Haaluma kanaan; 1ffaa/ Dhiyeessii tajaajilaarraa faayidaa addaa; Magaalaan Finfinnee teessoo naannichaa akkuma taatee fi jiraattonni naannawa magaalaa Finfinnees afaan Oromoon kan dhimma ba’an waan ta’eef, manneen barnootaa sadarkaa 1ffaa akka banamanii fi tajaajilli hoospitaalotaas afaanichaan akka laatamu karoora keessa galuu qaba jedhameera. Afaan Oromoo bulchiinsa magaalaa Finfinneetti afaan hojii ta’ees kan tajaajilu ta’a.
Aadaa Oromoo wantoonni calaqqisiisan magaalichatti akka jiraatan ni taasifamu. Moggaasni naannolee magaalichaa maqaa Oromoon dur ittiin waamun akka moggaafaman taasifamu. Jiddu galoonni aadaa, seenaa, tiyaatiraa fi aartii, akkasumas wiirtuleen bashannanaa akka beeksifaman haalli ni mijata. Moggaasni magaalattii Finfinnee/Addis Ababaa ta’ee itti fufa.Seera fuldurattis lameenuu qixa beekamtii qabaatu. Faayidaa addaa diinagdee ilaalchisee; Dhiyeessii lafaa, tajaajila bishaan dhugaatii,tajaajila maqsa balfa gogaa fi dhangala’aa, geejiba, carraalee hojii, dhiyeessiin manneen waliin jireenyaa baasii mootummaan ijaarraman, wiirtuleen gabaa, akkasumas qonnaan bultoonni yammuu kaafaman beenyaa ga’aa fi haalli ittiin of danda’an seerichaan hammatameera. Ijaarsa waajjiraalee mootummaa fi hawaasummaaf oolaniif lafti magaalaa Finfinneetii liiziin ala kennama. Bulchiinsi magaalichaa qonnaan bultoonni naannawa magaalaa Finfinneerra jiraatan oomishaalee qonnaa isaanii wiirtulee itti gurguratan baasii ofiitin hundeessee akka dhiyeessan akka taasifamu labsichi kaa’era. Magaalaan Finfinnee baankotaan qindaa’uun manneen waliin jireenyaa ijaaruun, hojjettoonni mootummaa fi jiraattonni magaalichaas carraadhan akka argatan taasifama. Qonnaan bultoonni naannawa magaalichaarra turan haalli ittiin kaafamaa turan qoratamuun akka hojiileen sirreeffamaa fudhatamaniif waajjirri akka gurmaa’u labsichaan hammatameera. 2ffaa/ Faayidaa addaa itti fayyadama qabeenya uumamaa fi eegumsa naannoo; Dhiyeessiin bu’uuraalee misoomaa, bishaan dhugaatii, maqsa balfa gogaa fi dhangala’aarratti faalamni akka hin qaqqabne xiyyeeffachuun hojjechuun barbaachisaa akka ta’e eerameera. Maqsi balfa gogaa fi dhangala’aan bakki itti yaalamu bulchiinsi magaalichaa fi naannoon Oromiyaa waliin ta’uun qoratanii ulaagaa saayinsaawaa ta’een akka bulfaman taasifama.
Maqsi balfa gogaa fi dhangala’aan bakki itti yaalamu bulchiinsi magaalichaa fi naannoon Oromiyaa waliin ta’uun qoratanii ulaagaa saayinsaawaa ta’een akka bulfaman taasifama. 3ffaa/ Dhaabbilee hundeessuu ilaalchisee; Wixinee labsichaa keeyyata 14n qonnaan bultoota sababii misoomatiin ka’anii fi kanaan boodas kaafaman irratti waajjira hojjetuun ala, dhimma waliiniirratti mari’achuu fi waliin hojjechuuf, manni maree waliinii itti waamamni isaa mootummaa federaalaaf kan ta’e mana maree bulchiinsa magaalichaa fi naannicharraa kan walitti babba’e akka hundaa’u taasifama. Kaayyoon mana marichaa inni olaananis akkaataa heera mootummaa Ityoophiyaa keeyyata 49/5 faayidaa addaa ilaalchisee, hojiin hojjetamaa jiraachuu isaa hordofuu, gamaaggamuu fi raawwii isaatif deeggarsa taasisuu ta’a. Mana marichaa keessas; bakka bu’oonni mana maree magaalaa Finfinnee fi Caffee qixa kan bakka bu’aman ta’a. Hundeeffama, hojii fi itti gaafatama, bara hojii, naamusaa fi baajanni mana maree waliinichaa, dambii Manni Maree Ministirootaa baasun kan murtaa’u ta’a. Adeemsa raggaasisa labsichaarrattis qaamoleen hawaasaa kan irratti hirmaatan ta’a.
“IBIDDA RAFE HUUBNI TO’ACHUU KAJEELA! !” Saphaloo Kadiir irraa Waa malee miti, ‘waatoo jala waatu jira’ yoo jedhu oromoon koo. Eeyyee! Ilmaan saba kootii, yeroon ammaa tan if dagannuufi tan cal’ifnuu miti. Wayyaanen yeroo duraa caalaa amma haareyatti if ijaaruun sagalee haqaa, warraaqsa dhugaa kan ilmaan oromoo adeemsisaa jiran kana bututtuu cubbuutiin haguugee bira dabruuf yaalaa jira. “Hudduu abbaan dagate mixiin lama seenti” jedha oromoon. Gaafa nuti marti lafarraa duguugamne yoo tahe malee osuma nuti lubbuun jirruu garuu sagalee qulqulluu haqa isii falmachuuf warraaqxuufi dhawwaaqxu ukkaamsuun akka hin danda’amne beekuu dhabuun isaanii nama ajaa’ibsisuu qofa osoo hin taane sa’aa marga malee qilee hin argine tahuu waayyaanee qabatamaan nuuf mirkaneessa. Warraaqsi ilmaan oromoo qaqqacaleen boruuf abdataman kumni baayyeen irratti madaa’e, lafeen goota kuma meeqaa itti caccaphxe, dhiigni qeerroo kuma kurnoota lolaa ta’ee laga itti yaa’e, gootoonni oromoo kumni shantamoota ol mana hidhaatti darbamee kaaniis achi buutee itti ta’e, fincilli lubbuun qulqulluun dhibba sadii ol badii malee irratti wareegame salphumatti ni dhaabbata jedhanii yaaduun bursusaa’uu dha. Fincilli qabsoo hadhooytuu makatee ji’oota afurii ol osoo walirraa hin citin adeemsifamaa ture injifannoo dacha dachaan galmeessisee jira. Warraaqsi hadhaawaan kun ammallee daran if cimsee, if ijaaree bifa gurmaaween hanga xumuraatti cichaan kan itti fufuu akka tahe qeerroon oromoo liikkee isaanii takkittii harmee isaaniitiif laatanii galma gahiinsa mirkaneessuuf wa’ada galaa akka jiran warri quba hin qabne quba qabaadhaa jechuun dhaadachaa jiran. Waraabeessi dhalee beelawe, wayyaaneen immoo tooftaafi shira garagaraa xaxxee, gufuu cubbuu daandii irra labbaa galchitee warraaqsa kana dhaamsuufi qaxara cabsuuf bursusa hiikkaa hin qabneen xaxamtee, hawwii bu’ura hin qabneen guutamtee farsoo abjuutiin machaa’aa jirti.
Garuu ani kaniin jedhu wayyaaneen tun hoggaa abbaan biyyaa amma booda ija teessan arguu hin feenu, gonkuma isin hin barbaannuu nurraa galaa jedhuun maaliif nurratti cichaa jiran isinitti fakkaata? ‘Waan namaa ulee malee hin quufan’ yoo jedhan dhageessan natti fakkaata. Oromiyaatu jannata ardiiti kaa akkamitti garaan isaan dhiisee deemaree? Jannata seenee salphumatti eenyulleen waan bahu natti hin fakkaatu. Eeyyee! Oromiyaa dhufanii beela qoonqoo bahanii, abaar irraa ambareerratanii, dheebuu bishaaniitiif aananiifi dhadhaa dhuganii dharraas bahanii akkamitti salphumatti gad dhiisaan? Yoo lubbuu isaanii itti guraarree, washeen shaf shaf godhaa if keessaa ariinee baafne malee wayyaaneen gonkuma oromiyaa keessaa bahuun isaanii waan hin eegamnee dha. ‘Waraabeessi bakka guyyaa tokko itti quufetti sagal itti agaba’ akkuma jedhamu san wayyaaneeniis nyaata takkaa arguu mitii dhagayanii hin beekne bakka itti arkanitti tolaan sossoo’uun isaanii hin jiru. Kanaafuu nuti ilmaan oromoo sabaafi biyya harmee isaaniitiif if kenninee, wal qabannee akka kanaan dura itti deemaa turre daran hanga oromiyaa keessaa gufuu badduu wayyaanee buqqifnuu hidhaafi ajjeechaa isaanii sodaannee abdii murree kan if duuba deebinuu miti. Wayyaaneen warraaqsa kana karatti hambisuuf wanti isaan hin goone tokko hin jiru. Nutiis isaanuma daran qabsoo teenya finiinsinee kaayyoo keenya ganamaa galmaan ga’achuuf wareegamni nuti hin kafalle akka hin jirre, murannoofi kutannoo cululuuqxuu dhiqattee quyyifatteen murteessuu keenya ifoomsinaaf. Garuu wayyaaneen hojiin itti agarsiifnu malee dubbii teenya hin dhageessu waan taheef baayyeen keenya nu keessaa hidhamaniis nuti qeerroon ija ibiddaa irree teenya tan duraanii caalaa jabeeffachuun mootummaa reeqqisaa gar malee raafnee turre bakkaa fonqolchinee itti agarsiisuu qabna.
Kaayyoon wayyaanee takkaafi takka qofa. Oromoo lafarraa duguugdee ofiif gaafii takka malee oromiyaa dhoorkaa malee if harka galchuu dha. Oromiyaa keessaa bahuu irra ilmaan oromoo murruq gootee ifiif biyya teenya dhaaltee irratti hafuu waan filannoo jalqabaa godhatte fakkaatti jaldeeyyiin beelooytuun. Karoorri wayyaaneen yeroo dheeraa irraa wixineeffatanii qaban oromoo fuula ardii oromiyaa irraa xuruursuu waan ta’eef nuti callifnuus dubbannuus, warraaqnuus carraaqnuus tooftaa adda addaatiin suuta suuta nu gatuun isaanii hafan qabu. Keessaafuu amma eega takka tuttuqne booda riphisuun keenya karoora duguuggaa sanyii jalqabuma irraa nuuf qaban san saffisuufii malee nu eewaluuf gatii hanga firii xaafii takka hin qabu. Warraaqsa finiinsaa turre kana karatti murre taanaan, tasa qabbaneessinaan sababa kana godhatee tokko tokkoon funaanee kan garaa isaa raawwata. Tooftaa isaa mala garagaraatti fakkeessee akka waan nuuf quuqamuu fakkeessee, funyoo shiraa nutti maree, hillima dhooysaa hidhee nu qaqqabuun kaan lubbuu ajjeessee, kaan immoo sammuu masheensee namummaarraa baasuun injifannoo dachaa nurratti gonfachuuf akka jaldeessaatti buukkumsaa nu keessa fiigaa jira. Tooftaan amma inni fayyadamaa jiru kun jalqaba irratti warraaqsa ilmaan oromoo hijaan bara dheeraa dhalche kan lubbuun ilmaan oromoo dilli irratti hobbaate, dhiigni qulqulluun oromoota baayyee akka galaanaa dhangala’ee dirreerra lola’e, lafeen kumni baayyeen itti caphxee, foon meeqaantam irratti qaanxeeffame kana dhaamsuuf yoo tahu, san booda tokko tokkoon ija ija keessaa guuree jireenya ardii kanaa irraa hanga xumuraatti duugda galchuu dha. Ajjeessee reeffa isaanii tokkoo lamaan saree isaanii sooruu, hambaa irraa hafe waraaboof dhihansuu dha. Tooftaan tokko maqaa haaroomsa jedhuun ilmaan oromoo warraaqsa keenya irratti adda duree turan guuree if harkatti galchee akka fedhii isaa irratti raawwachuudha.
Dhiheenya kanaas hanga warraaqsi keenya qaqabbanaa’e kanatti qeerroollee kuma baayyee mana manaa walitti funaanee kallattiin mooraalee waraanaa waggoota 20’mota dabran dhiiga ilmaan oromoo kuma danuu cunfachaa turtetti guuraa jiraachuun ragaa dha. Bara 1992 irraa jalqabee mooraalee waraanaa kan akka Huursoo, Xawallaay, Dhidheessaa, Ziwaay, Birshalaqoo fi kkf keessatti ilmaan oromoo miseensa, waraana, dabballee, maandhee ABO’ti sababa jedhuun kaan hidhaan adabsaa, kaan immoo maqaa haaroomsa (Tahaddisoo) jedhuun walitti qabe tarsiimoo isaa qammantuu garaan bokooysaa ture. Wayyaaneen mooraalee waraanaa tanneen keessatti gootootan kuma hedduu akka hiddii fardi irra ajjateetti macalaasaa, hayyoota oromoo lakkoofsa hin qabne keessatti kolaasaa, kaaniis uleen aagibeeysaa, baayyee isaanii immoo hirriiba hanga dhumaa irraa hin dammaqne raffisaa turuun yaadannoo gurraatti baroota dhihooti. Baranaas akkasumatti guuree mooraalee waraanaa tan araada dhiiga ilmaan oromootiif hamammoottu tanatti walitti qabee buqqee ishaashoo godhaa jira. Tooftaan biraa wayyaaneen yeroo ammaa akka furmaataatti fudhachaa jirtu warreen miseensoota OPDO tahanii isaan waliin obboleeyyan isaanii ajjeesuufi badii malee yakkuu lagatan, kanneen tarkaanfii dharaa wayyaanee waliin dhiiga isaanii irraatti fudhachuu qoorrifatan mara itti gaafatama isaanii irraa harcaasee, hojjatoota sabboontoota danuu hojii irraa ugguree galiifi gatii malee harka duwwaa hambisuu dha. Tarkaanfiin kun isaaf sirgiga hamaa tahee akka if qabuu hin dandeenyetti kan mucucaachisu tahullee inni immoo akka tarkaanfii haqaatti hadooddii takka malee hojii isaanii irraa guuysaa jira. Dhugaa dubbachuuf tooftaa kana akka injifannootti fudhatee, tarkaanfii diinummaa raawwachaa jiraatuullee garuu miidhaa caalaa nuuf faaydaa guddaadha.
Murtiin ilmaan oromoo hojiirraa ari’uufi sadarkaa irraa gad buusuu kun garii isaanii sammuu laamsheessee, warreen maddi galii isaanii mindaa qofarratti hunda’e tokko tokkoos jireenya hamaa keessatti kuffisee maatii isaanii gaaga’ama keessa kan buusu tahullee yoo sirritti gad fageessinee hubanne immoo bu’aa isaatu irra caala jedheen yaada. Sabboontootaafi quuqamtoota dhiiga obboleeyyaniitiin harka dhiqatanii, biddeena gogaa ilmaan oromoo irraa tolfameen shiilchoo foon oromoo qaqqabatanii alanfachaa garaa isaanii guutuu hin jaalanneef furmaata dhugaa tahee xurii seenaa jalaa bilisa isaan baasa. Warreen foon obboleeyyanii nyaachuuf afaan mimmi’eeffatu, foon foon ofii nyaatee dhiiga ofiitiin kokkee jiifachuu barbaadaniifi yeyyiilee gogaa oromoo uffatanii ilmaan oromoo dhidhimsuu kajeelan muraasa yeroof gammachiisullee kan arra adilee nyaate boru daalachaafiis akka taa’u sirritti hubachiisa. Yoo dhugaa kan dubbannu tahe warreen dhiiga oromummaa qulqulluu qabaniif balbala qabsoo bal’aa saaquun warraaqsaaf hiriirsa. Akkaan tahuus akka maleen tahuus ilmaan oromoo onnee sabboonummaa qaban kan hojjatoonni mootummaa tahanii hojjachaa jiran warra garaan sossobamu irra harka meeqa baayyatu waan tahaniif hojiirraa gaggeeffamuun isaanii warraaqsa keenyaaf humna addaa dabala. Gama biraatiin warreen garaan dagees booda karaan isaaniis kanuma ykn kanarra hamaa akka tahe itti mul’isuun foon obboleeyyan isaanii kan nyaachuuf qophaa’aa jiran irraa akka if qusatan qofa osoo hin taane kan kanaan dura nyaataa turanillee akka diddiigan taasisa. ‘Namni qabrii hiriyaa arke tan ifiitiis arke’ yoo kan beekan tahe hanga jarri saree itti qalu osoo hin eegganne hojii shiraa diinni xaxaa jiru ammumma harka keessaa fudhatanii gara warraaqsa dhugaa oromoon haqa isaatiif taasisaa jirutti makaman jedheen amana.
Alagaan hanga waan barbaadde mara harkatti galfattu qofa aangoon, maallaqaafi faaydaa adda addaatiin nama dallaalti malee san booda akka tanakaa (gaaloonaa) zeeytiin gargaarsaa irraa dhumetti gujufa irratti nama darbuun isii beekkamaadha. Kana mirkaneeffachuuf immoo namni seenaa bara dheeraa beeku Goobanaa Dacee haa hubatu. Kan seenaa yeroo gabaabduu beeku immoo Juneeydii Saaddoofi aangoota OPDO amma taaytaa irraa harcaasaa jiran kana irraa waa hubachuu ni dandeessan jedheen yaada. Karaa isa baasu abbaatu beeka. Garuu albadheessa tokko tokko yaadduun sammuu keessaa godaantee qochumaa keessa waan qubatteef waan ifitti gad darbu qofa yoo arkate ni dagata waan taheef yaadachiisuun barbaachisaa dha. Tooftaan mootummaan wayyaanee ilmaan oromoo miidhuun humna isaanii dadhabsiisee harka kennisiisuuf yaaluufi warraaqsa isaanii hundee irraa goggooysuuf itti fayyadamaa jiru kan biraa bishaan dhugaatii irraa muruun, gatii mi’oota ykn meeshaalee barbaachisoo tokko tokko ol dabaluun, tajaajiloota gara mootummaatiin argatan kan akka ibsaafi bilbila akka sirnaan hin fayyadamne godhuun ykn gatii tajaajila isaanii humnaa ol dabaluun akka hawaasni yaaddoo isaanii gara qabsoo jireenya irratti deebisan taasisuu dha. Isaan tooftaa kana sammuu ummataa dhifuufi ilaalcha isaanii dabsuuf (diverty) godhuun akka hawaasni jireenya isaa bira dabree gara biraa tokkollee tarkaanfachuu hin dandeenye godhuuf yaadaniti. Tooftaan dulloomaan wayyaaneen warraaqsa keenyaan dhaamsuuf fayyadamaa jirtu kun nuuf immoo ibiddarratti bobaa’aa firfirsuu tahee warraaqsa keenya sadarkaa addaatti akka wajiijnu nu taasisa. Tooftaalee wayyaaneen fayyadamtu mara yoo kan laallu taate mootummaan Xoophiyaa gowwaa maraate tahuu isaa nutti mul’isa. Gowwaa, isaa duraanuu gowwaa gaafa maraateefaa akkami mee yaadaan laalaa.
Tooftaaleen biraa kan warraaqsa falmii haqaatiif ilmaan oromoo finiinsaa jiran kana dhaamsuuf saroonni wayyaanee deddeemaniin keessaa kan biraa ammaas ilmaan oromoo sababoota garagaraatiin walitti buusuun akka isaan wal afaan dacha’an taasisuudha. Kuniis kan dhiheenya kana argaa turre mallattoolee bu’aa shira kana kan mul’isan keessaa muraasa tahuun isaa mamiin qabu. Gama biraatiin lubbuu ilmaan oromoo akka beeyladaa balaa konkolaataan ajjeefameetti gatii maallaqaan haa shalagamu jechuun abbootii gadaafi namoota garii hawaasa oromoo bal’aa waliin wal afaan kaayuun akka nuti osoo wal riqnuu warraaqsa keenya dagannu taasisuu dha. Tooftaan inni biraa immoo naannoolee balaa hoongeetiin miidhaman gargaarsa miidhaan nyaataa irraa hambisuun akka isaan wallattaawan, gariiniis akka dhumu godhuufi tooftaalee biraa kan ummata oromoo kana lafarraa gabaabsuufi harka kennisiisee adabachiisa jedhee yaadu mara fudhachuu dha. Tooftaan shiraa wayyaaneen ummata oromoo irratti fudhattu kun marti kan ittiin injifatamuu qabsoo irratti cichuu qofaani. “Kan sodaataniis du’a, kan hin oollees du’a!” Du’a gootummaa du’uun jireenya gabrummaan jiraatan irra harka meeqa bilisummaa dha. Ilmaan oromoo yeroo ammaa du’a gootummaa sodaatanii du’a fafaa du’uuf gonkuma hin filatan. Yeroo hanga warraaqsi ligide kanatti ilmaan oromoo jimlaan guuramanii mana hidhaafi mooraalee waraanaa reefu maqaa dhawaa turre keessatti hadhaa hamtuu akka dhandhamaaniif saaxilamanii jiran. Yoo cal’ifnee kan teenyu tahe immoo ijoolleen hidhamanii harka wayyaanee jiraniis tahee nuti warri hin qabaminiis du’a salphinaa akka booyyee du’uun keenya hafa hin qabu. Hanga qabsooynee, warraaqsa jalqabne galma barbaannuun hin gahinitti, hanga qabsoo teenyaan gumaan dhiiga wareegamtootaa hin bahinitti jiraannuus du’aa, reeffa gatiin qabne tahuu keenya dagachuun hin qabnu.
Hanga qabsooynee, warraaqsa jalqabne galma barbaannuun hin gahinitti, hanga qabsoo teenyaan gumaan dhiiga wareegamtootaa hin bahinitti jiraannuus du’aa, reeffa gatiin qabne tahuu keenya dagachuun hin qabnu. Obboleeyyan keenya kan harka diinaatti miidhamaa jiran kan bilisa baasuus tahee kan qaama hir’uu tahanii itillee irra ciisaa jiran mara kan wal’aanu nu qofa. Wal’ansi isaaniif goonuufi tooftaan walaba itti baasuu tokkichi warraaqsa qabsoo keenyaa jidduu kana ligide haareyatti oromiyaa guutuu keessatti qabsiisuu qofa. Ibiddaa warraaqsaa qabsiifnee, kullooda fincilaatiin dibnee karkarfannu malee qoorri jidduun nu seenu kun nurraa hin bahu. Nuutu if dagate roorroon alagaa nutti finiinaa jirti. “Ibidda rafe huubni to’achuu kaajelaa” akkuma jedhan nuti muugnaan jarattiin nurratti baatee jirti. Kanaaf furmaanni tokkichi qabnu tokkummaan akkuma duraanii sanitti warraaqsa keenya haa finiinsinuun dhaamsa kooti. Xumure, horaa bulaa. [ #Saphaloo_Kadiir | Abdulbasit ] Ebla 2016
#OromoProtests Dhukkuba Golfee Qorichi Michii Hin Fayyisu Jawar Mohammed irraa Dargaggoonni miseensa OPDO ta’a dhibbaatamaan lakkaayaman har’a irraa eegalee magaalaa Adaamaa keessatti walgahiif akka taa’aan beekamee jira. Kanumaan walqabatee rakkoo hoji-dhabdummaa dargaggootaa hir’isuuf mootummaan Oromiyaa Birrii miliyoona 300 akka ramade miidiyaaleen sirnichaa hafarsaa jiru. Akeekni konfaransii kanaa dargaggoota sossobuun qabsoo laamshessuu akka ta’e dhoksaa miti. Garuu haasayni rakkoo hoji dhabdummaa furra jedhu hammam dhugaadha? Hammamis milkaaya? 1) Yeroo amma kanatti mootummaan Oromiyaafi Itoophiyaa rakkina baajataa hamaa keessa waan jiraniif maallaqa miliyoona 300 gahu ramaduuf eessaa fidan? Mootummaan mindaa hojjatttottaa kafaluu dadhabee rakkataa jiru maallaqa hammasii samii buusamoo dachee keessaa baasa? 2) Osoo maallaqni sunuu argamee rakkoo hoji dhabdummaa dargaggoota Oromiyaa furuu dhiisi hirdhisuufuu hin gahu. Ummata Oromiyaa keessaa harki 70 ol umrii 30 gadi jira. Ummata waliigalaa keessaa hamma miliyoona 10 kan ta’u umrii dargaggummaa ( 15-29) jidduu akka jirutti tilmaamama. Dargaggoota kana keessaa yoo xiqqaate dhibbeentaan 40%( dargggoo miliyoona 4 ol jechuudha) hojii akka hin qabne ragaan mootummaa ni agarsiisa. Warri hojii qabus irra jireessi isaanii galiin argatan baasii jireenyaatiin akka wal hin gitne beekamaadha. Maarree birriin miliyoona 300 jechuunis doolaarri miliyoona 15 rakkoo ummata dila kanaa furuu dhiisaatii haara galfachiisuufuu ni geessii? 3) Biyya san keessatti mootummoota dhufaa dabraa hunda jalatti hammi lakkoofsa dargaggoota hojii dhabanii kun dabalaa malee hir’atee hin beeku. Dargaggoonni marii kanarratti akka hirmaattaniif affeeramtan mee geefii kana of gaafadhaa.
Diinaggeen Itoophiyaa kan waggoota kudhaanii oliif dijitii lamaa oliin guddataa jira jedhame, rakkoo hoji dhabdummaa kana hir’isuu akkamiin dadhabe? Deebiin kanaa hiddi rakkoo hoji dhabdummaa akkaataa caaseffamaafi raabsaa diinaggee biyyaattii ( structural and distribution) akka ta’e akkeeka. Rakkoo hiddi isaa gadi fagoo ta’e kana caasaafi raabsaa isaa jijjiiruun malee yeroma dargaggoon fincile maallaqa xiqqoo itti facaasuun hin furamu. Maddi rakkoo hiddi fagoodha hoggaa jennu, galiin diinaggee biyyattii irraa argamu deebi’ee ummataaf kan raabsamu osoo hin taane harka namootaafi gartuulee muraasaatitti hafaa jira. Namoonnifi gartuuleen fayyadaman kun ammo namootumaafi gartuulee aangoo siyaasaa dhuunfatanii jiran ta’uun ifa. Kanaafuu rakkoo hoji dhabdummaa dargaggootaa hiddaan furuudhaaf sirna ol’aantummaa saba tokkoo biyya sabaafi sablammii hedduu qabdurratti tuulamee jiru kana hiddaan buqqisuun dirqama. 4 ) Diinaggee Oromiyaa/Itoophiyaa keessatti har’as ummanni dhibbeentaa 80 ol har’as hojii qonnaatirraa galii argata. Garuu adaduma lakkoofsi ummataa dabalaa deemu lafti qaonnaa wal hanqataa deemaa jira. Lafuma wal hanqataa jiru kanaa ammo maqaa invastimantiitin Oromoo irraa fuudhudhaan alagaan gurguramaa jira. Kanatu ilmaan qonnaan bulaa akka rakkoo hoji-dhabdummaatiin hiraaran godhaa jira. 5) Damee diinaggee warshaa ( manufacturing), daldalaa ( trade) fi tajaajilaa ( service) keesssatti qoodni Oromoo akkan xiqqaadha. Kan gaafa Darguu saniiyyuu gadi yeroo ammaa. Kanaafuu Oromoon waa barate gara dameelee kanaatiin hiree uummachuuf akka hin dandeenye balbalti cufaadha. Ol’aantummaan alagaan dame kanneenii hamma itti fufee jirutti rakkoo hoji dhabdummaa ni furra jechuun of sobuudha.
Ol’aantummaan alagaan dame kanneenii hamma itti fufee jirutti rakkoo hoji dhabdummaa ni furra jechuun of sobuudha. Kanaafuu diinaggeen Oromiyaa hoji dhabdummaa furuu wanni dadhabeef imaammannifi tarsiimoon gubbaadhaa gadi dhufu galiin argamuu namoota muraasa saba Tigree irraa dhufan akka fayyaduuf waan bocameefi. Akkuma nama golfeen qabame qorichi michii hin fayyifne, gaafuma Oromoon dallane birri muraasa itti facaasuun rakkoo hoji dhabdummaa dargaggootaafi hiyyummaa sabni Oromoo keessatti kufe furuu hin danda’u. Dargaggoon Oromootis, rakkoo hoji dhabdummaa jala of baasuufi hiree hojjattanii jiruu keessan fooyyessuu qabdan bal’ifachuu yoo barbaaddan furmaanni takkiitiin jiru sirna loogii sabummmaa irratti jaarame kana diiguun mirga abbaa biyyummaa Oromoo mirkaneessuu qofatu nu baasa.
Dr. Dhinsa Yonas April 19, 2016
Girmaa Xurunaa fi Dawud Ibsaa. Dawud Ibsaa fira moo diinaa? Nagaan haa dursu Dhimmi ijoo keenyaas akkuma ammaan dura namoota oromoo biyya alaa jiran irra deddeebinee hubachiisuu yaalletti,waa’ee nama Girmaa Xurunaa Darsee jedhamu namoota keenya Asmaraa jiraniin Daa’atee Ilmaan oromoo irratti muka muraa jiruuti!! Qabsoon ilmaan Oromoo bu’aa bayii hedduu keessatti kuftee harra kangeesseef sababa walii galteen hin jirreef ollaa fi firaan qabsoo waliif kennuuf yaada dhokataa hunduu bira gahuu hin dandeenyetti waan fayyadamaniif!! Namni Waayee isaa dubbannu kun seenaan isaa dubbatamee hin dhumu Namnis maaliif akka callise nuuf hin galu,warreen oromoof qabsoofna je’anis maaliif osoo beekanii waan qabsoo keenya laamshessaa jiru akka hojjechaa jiran nuti hubachuu hin dandeenye. Girmaa Xurunaa Darsee Abbaa isaatiin Habashaa gaafa tahu haadha isaatiin oromoo dha. Bakki Dhaloota isaa Godina Horroo Guduruu Aanaa Jaartee tahee Ganda Somboo kumii jedhamu ykn Abuna jedhamutti dhalatee guddate. Mana Barumsaa sadarkaa 1ffaa Ganduma Smoboo kumii jedhamu kanatti barate, mana barumsaa sadarkaa 2ffaa Shaambuu magaalaatti baratee qabxii olaanaa fidee gara univeristy deeme,yeroo sanatti nsmni kun kan inni qabsoo oromoota Asmaraa jiran waliin hirmaachuu eegalee. sanaan dura homaattis hin qabu ture, Girmaan yeroo hamma 12ffaa baratu qabsoo dhugaa irratti hundaaweef kan soba hin qabne waan hordofu fakkaata ture. Itti aansuun gara Haramayaa University deemee “qabsoos” barumsa isaas itti fufe. Waggaa 2ffaa utuu Haramayaa University baratuu Gidduutti hidhamee diina wayyaanee haalee bahee Gara mana barumsaa isaatti deebi’ee waggaa 2ffaa xumure,utuu kanaan jiruu,hidhaan itti deddeebitee gaafa rakkistu waggaa 3ffaatti harka kennee diina nama maqaan isaa Jambaruu Damee Tikaa wayyaanee tahe Achuma Haramayaa University fi naannoo isaa kan hojjetu wajjin walii galtee mallatteessee waliin hojii eegale.
Gaafa Walii galtee Diina kanaa wajjin mallatteessu Qarshii 50,000 Diina harkaa fudhatee hojii basaasummaa irratti bobbahe. Duramaa kaasee waan hubatamuun irra jiruu Girmaa fi Dawud Ibsaa akka wal qunnamtii qaban tahuu isaa ti. wagguma sana keessa warri Asmaraa jiran (Daud Ibsaa) Computera 5 fi Qarshii 50,000 ijoollee 5 fi gaafa ergan karaa isaa waan dhufeef ijoolleen fudhachuuf gaafa deeman innoo diinaan qabameera jedhee gara ofii isaatti naannesse. computer sun fi maallaqa sun gaafa karaa Dawud Ibsaa faa ergamu karaa Wuccaaleeti kan namni dhufee laateef. Girmaan komputera fi maallaqicha ajaja humna tikaa wayaaneetiin fuudhee gara dabrse. walumaa galatti ijoolelen shanan gaafa meeshaa isaanii fudhachuu dhaqan isaan qabsoo kana garaa isaanii irraa waan itti jiraniif iccitiin kun hunduu isaaniif hin galle ture. Inni sobee ijoollee wajjin wal lolee akka isaanii wajjin qabamuuf haala mijeessee diinaan walii galee innis walumaan qabamanii hidhaman. Ijoolleen 5 sana wajjin 6 tahanii hidhaman, Girmaan guyyaa 2 qofa mana hidhaa bulee gadi lakkifame. Ijoolleen shanan immoo waggaa 8 itti murtaawe achitti hafan. Girmaan ijoolleen shanan kan hidhamaniif maallaqa ati ergitee turte irratti wal dhabanii wal saaxilan jechuudhaan Dawud tti gabaasa. Dawud Ibsaas kun waanuma qabsoo keessa jiru kan hidhaman haahidhaman ati waan hojjechaa jirtutti jabaadhu jechuun Girmaa jajjabeesse ergaa dhaamaaf. Ammas itti eda’uun Daud Ibsaa Ijoollee 50 gara Dirree waraanaatti ergi jechuun Girmaa tti dhaamee qarshiin isaan ittiin deeman qarshii naannoo 75,000 erga. Girmaan qarshii 25,000 irraa hambifatee ijoollee shantama walitti qabuun qarshiin 50,000 dhufee jiraa qophaawaa ni deemtanii jechuun ijooleen akka qophaawan taasise.
Ijoolleen qophaawanii waan ittiin deeman barbaacha bakka Girmaan argamaa jedhetti yeroo argaman ‘securitiin’ wayyaanee bikka sanitti argamanii ijoollee 29 yeroo qabatan ijoolleen kaan baafatan. Ijoolleen 29 lan kun haga haraatti mana hidhaa Qaalittii tti dararamaa jiran. Ammas akkuma duraanii ijoolleen maallaqa ati ergiterratti wal lolanii wal saaxilanii hidhaman jechuun Girmaan Dawud itti gabaasa. Girmaan ijoollee kana hiisisuu qofa osoo hin taane mana murtii deemee isaan ABO dha jedhee raga itti bahee jira. Ijoolleen Dararamaa jiran kun hunduu namoota iccitii gurbaa kanaa beekanii fi namoota dhugaa qaban qofaa dha ijoollee kun irra guddaan isaanii dhalootaan naannoo isaatii kan dhufanii dha. Walumaa galatti harrallee diinaaf gugguufee ilmaan oromoof waan hojjetufakkaatee dhiiga ijoollee oromoo maqaan isaanii hin beekamneef kan beekamu hedduu dhangalaasisaa jira kanas kan Gochaa jiru Hayyu dure ABO ti kan ifiin jedhu Dawud Ibsaan waliigalanii ti. Kana nu qofaa osoo hin taane seenaan gara fuula duraa dhugaa baasa. Haata,u malee osoo beekuu Dawud Ibsaa maaliif akkas godha kan jedhu ammallee gaaffiin mataa keenya rakkaa jiru tahuu hubadhaa. Maaliif?? Wanni kun hundaa erga tahee booda Dawud Ibsaa maaliif ammallee nama kana waliin hojjechaa jiraan nuuf hin galu. Kanneen armaa olitti hidhaman jennu kun kanneen akka gurmuutti hidhamanii dararamaa jiran yeroo tahu kanneen akka nam tokkeetti Girmaan hiisisee amma mana hidhaa tti dararamaa jiran kumaatamaan jiru. Nuti kanneen biyya keessa jirru dabaa Dawud Ibsaa qabsoo bilisummaa oromoo irratti hojjechaa jiru saaxiluuf humans aanjaas hin qabnu, warreen biyya alaa teessanii dabaa Dawud Ibsaa hojjechaa jiru osoo beektanii maallaqa itti guurtanii uummata keenya ficcisiisaa jirtan seenaan wal nu gaafachiisa.
Nuti kanneen biyya keessa jirru dabaa Dawud Ibsaa qabsoo bilisummaa oromoo irratti hojjechaa jiru saaxiluuf humans aanjaas hin qabnu, warreen biyya alaa teessanii dabaa Dawud Ibsaa hojjechaa jiru osoo beektanii maallaqa itti guurtanii uummata keenya ficcisiisaa jirtan seenaan wal nu gaafachiisa. Warreen ammaan dura waan Girmaa fi Dawud Ibsaa hojjechaa jiran yeroo quba isin qabaachifnu dhugaa sehuu dadhabdanii, nus amanuu dadhabdanii yeroo hangasii fudhattan kunoo waan VOA irrat gaafa http://www.voaafaanoromoo.com/a/afooshaa-siyaasa-abo- himatamtoota/3307047.html dabree ture dhaggeefadhaa. Ammas waan Girmaan ijoollota 33 irratti hojjete nurraa osoo hintaane VOA irraa dhaggeefadhaa. Ammallee Girmaa fi Dawud Ibsaa waliin hojjechaa jiran.
Maaltu Akka Namoonni Hamaa ta’an Taasisa? By Melody Sundberg | Original in English published February 26, 2016 May 9 (untold stories online) — Dararri gochaa hacuuccaa ykn cunqursaan walqabate dha. Akkaataan itti raawwatamuu fi sababni itti raawwatamu adda ta’us, waan tokko garuu ifa dha. Innis, nama dararuun gochaa hamaa bali’aanaan raawwatamuu yeroo ta’u, namoonni hedduunis gochaa hamaa kanaaf ni saaxilamu. Dararri baroota giddu galeessaa fi jalqaboota yeroo ammee kaasee kan raawwatamaa ture dha. Haata’uuti garuu, dhumarratti nama dararanii akka yakka raawwadheera jedhee amanu gochuun kara sirrii fi amansiisaa akka hintaane waan hubataniif, mootummoonni Awurooppaa akka hafu godhaniiru. Booda irra, gochaan hamaan kun Mootummoota Gamtoomanitti Komishiniin Ol’aanaa Mirga Dhala Namaatiin balaalefatameera. Akka Dhaabbata mirga namoomaa, ‘Amnesty International‘; jedhutti, biyyoonni 156 waliigaltee Mootummoota Gamtoomanitti dararaa dhorkisiisu mallateesaniiru. Kanaan dura barreeffamoonni sarbamuu mirga dhala namaa biyya Itoophiyaa irratti xiyyeefatan marsariitii ‘Untold Stories’ irratti maxxanfamaa turaniiru. Gaafan jalqaba, odeeffanoo namoota mirgi isaanii sarbamanii dhagahu, dararaan yakka hojjatteetta jedhanii amansiisuun qaama tokko akka ta’e hubadheera. Abdullahiin (saaxilaa yakka mootummaa), dararaa hamaa mana hidhaa Ogaadeen keessatti raawwatu ragaan deeggaree maxxanseera. Hiriyoonni Joomaneeksi, miseensonni garee Biloogii Zoonii 9,waan waa’ee mirga dhala namaa barreessaniif qofa dararaan kana hinjedhamne irra gahaa ture. Akkasuma, Caalaa, walaleessaa/waloo, walaloo wa’ee ummata Oromoo irrati xiyyeeffatu waan barreessef dararaan guddaan irra gaheera. Kana malees, Zalaalam, Yonaataan fi Baahiruun, nageenya dijitaalaa irratti leenjii fudhattaniittu jedhamanii mana hidhaattidararamaa turaniiru.
Bakka yaada ofii bilisaan ibsachuun hinjirretti, mootummoonni abbaa irree dararaa fayyadamuun namoota afaan qabu. Bakka yaada ofii bilisaan ibsachuun hinjirretti, mootummoonni abbaa irree dararaa fayyadamuun namoota afaan qabu. Bakka dararuun jiru, dararaanis ni jira. Yeroo baay’ee, daraartoonni, qorattoota yakkaa, humnoota Mootummaa, waardiyaalee mana hidhaa fi namoota hojii nageenyaa hojjetanii dha. Garuu, namoonni kunneen maaliif gochaa suukaneessaa akkasii raawwatu? Hammeenya waliin dhalatan moo erga dhalatanii booda hamaa ta’an? Yeroo muraasa dura, gaaffii tokko miidiyaa haawasummarratti gaafadheen ture. Maaltu namoota akka hamaa ta’an godha? Deebiin naaf laatame, fedhii qabeenya hedduminaan horachuu, sodaa, fedhii aangoof qabaachuu, ofittummaa fi dadhabina/laafina kan jedhu dha. Eeyyeen, fedhii qabeenyaa hedduminaan horachuu( materialism) fi ofitummaan (greed) sababoota ta’uu ni malu, garuu sababoonni biraan illee jiru jedheen amana. Akka qorannoon dhimma kana irratti godhame agarsiisutti, dararaan maaliif ammallee akka raawwatamaa jiru sababoota hedduutu jira. Sababni inni jalqabaa, dararri barbaachisaa dhajedhamee itti amanamuu isaati. Namoonni muraasni akka diinatti ilaalamu. Warri diina jedhaman kunneen, namoota dararaniin yakka raawwattaniittu jedhamanii gochaa sukkaneessaa dhala namummaa isaanii mulqu irratti raawwatu. Sababiin biraan, haala mana hidhaati. Bakka namni nama qunnamuu hindandeenyetti nama hidhuufi jiraachuu dhabuun tajaajila yaalaa, haala salphaa ta’een darartoonni gochaa isaanii akka raawwatan isaan gargaara. Sababni sadaffaan daraartoonni gooftolii isaanii waan sodaataniif gochaa darara sana osoo waan tokko hingaafatiin cal’isanii raawwachuu isaaniiti. Garuu immoo, sababni inni guddaan, namicha gochaa dararaa sana raawwatu: aangoo kennameefi fayyadamee darara raawwachuusaati.
Garuu immoo, sababni inni guddaan, namicha gochaa dararaa sana raawwatu: aangoo kennameefi fayyadamee darara raawwachuusaati. Yeroo kamiiyyuu caalaa, ‘Untold stories’ dararaaf xiyyeeffannoo kennuu barbaada. Waqtii Arfaasaa (spring) kana keessa saayinsii xiinsammuu irratti hundaa’uun maaliif namoonni gariin darara akka raawwatan barreeffamoota ibsan maxxansuuf deemna. Afaan Ingiliiziirraa gara Afaan Oromootti kan hiike: Milkiisaa Cimdeessaa
Akkamitti gareen shanee ABO jaallawwan kaleessa waliin qabsaawan itti salphistu kunoo: BEEKUMSA “BOORUU BARRAAQAA” FI “FIXEENSA” GANAMAA ! !!!!! Mata duree barruu tiyyaa isiniif yaa ibsu. “Booruu Barraaqaa”kan wallaalu jira natti hin fakkaatu. Booruun, Naannoo bara 2002 qabsootti kan dabalameedha. Leenjii argatee SBO keessatti yeroo dheeraaf kan hojjate, cimiina isaa ilaalanii hogganummaaf kan kaadhidhameedha. Ciminni isaa silaa Hoggana keessaa Hoggana itti aanuuf kan isa qopheessuu malee, kan sadarkaa har’aan isa geesisu jennee gonkumaa yaannee hin beeknu. Ani waggaa 5 dura yeroon qabsoo keessaa alatti ba’ee Biyya alaatti ce’uuf socha’uu, komee hedduu of keessaa qaban ture. garuu komee kana diina sooruuf abbalee hin beeku. sababaan bu’aa tokkollee waan hin qabaanneef. Har’a waggaa lamaa asi garuu bakka kiyyattii deebi’een waan narraa eegamuun hojjachaa jira. Booruu duran bakka Sanaa ba’ee. Egan achi ba’ee, gurri kiyyaa bakka Sanaa fagaattee hin beektu. Ammuma qabsaa’oota achi jiraniin dhimma naannoo sanaan beeka. Har’a Booruun waa hedduu dubbataa fi katabaa jira. Ajaja dabarsuu irrallee ga’eera. Qaama maalii keessa jiraatee ajaja akka dabarsuu ani hin beeku. karaa fb dhaaba ajaja ta’ee, qeerroo ajaja ta’ee, Ummata kana ajaja ta’ee hin beekuu waa hedduu dubbataa jira. Tarii adeemsi isaa kun warra kaanis jallisuu waan danda’uuf dhugaa jiru waliif himuutu dansaadhaa jedheen deebii gababaa kennufii barbaade. Booruun amaloota mataa isaa qaba. waan hundi akka isaaf dursee galutti fudhata. Waliigaltee namootaan qabu yeraadha. Kutaa isaa keessaa ba’ee qabsaa’oota akkasaan waliin haasa’uu fi ooluu hin fedhu.
Dhugaadhaa kitaaba ni dubbisa. Hogganni har’a salphisu akka mucaa ushuu golatti macaafa adda addaa itti guuranii dubbisiisanii jiru. irra jireessi kitaaboota kanaa siyaasa. Seenaa Gootoota biyya isaanii Bilisoomsaniiti. Hogganni kana gochuun, nama tolfachaa turan. Hojiin isaa hundi dhoksaadha. Kkf qaba. amaloonni ittiin qeeqamaa turetu har’a isa saaxilaa jira. Jaallan isaa waliin wayita hojjatu akkam akka ture seenaatu dubbata. Waa hundaan ofii beekamuu barbaada. Booruu fi Fixeensa ganamaa:— Booruu Barraaqaan waggaa 4 fi 5 dura kitaabi Maxxansiisee Ummataaf dhiheesse, “FIXEENSA” jedhamti. Waan Booruun kitaaba isaa hanga fuula 300 qabu sana irratti katabee balaaleffate sana hundaa, har’aa ofii dalgaa jiraachuu isaatu na raajeen mata duree kana uummadhe. Ani namummaa fi Oromummaa booruu irraa dhimma hin qabu. Yaadaa fi adeemsa isaa irraan komee qaba. Booruun waa hedduu sobeera. Angoo fi beekumsa hin qabnee ofi kennee Ummata gawwamsuu yaaleera. Bara leenjii keessa waan nuuf himaa ture har’a cabsee ofii seenaatti of laatee jira. Tarii yoo inni iriibaa ka’ee maalan hojjadha ? jedhee of hubatee waan itti jiru irraa hin dhaabbannee, waan gadi fagoo kaafna.har’aaf garuu waanuma amma lallabaa jiru irratti waan gaggabaabduu kaafna. Booruun , gaafa kitaaba “Fixeensa” jedhee baasuu waan irratti harkifatee baaseetu jira. Yeroo micciiramni dhaaba keessaa ba’uu, warra badii kana hojjatee balaaleffachuuf katabe.akkaataa inni itti katabee hedduu nama raaja ture. Kitaabni sun akka ba’een waa hedduu jedhameera. Namoota yaada itti kaasan keessaa nama tokkon beeka. Booruu, kitaaba kana eenyuuf katabdee jedhanii gaafatan ? inni duchaamatti ummataaf jedhe.
Namni sun garuu dhalooti maal irraa hubataa ? jedhaniin. Deebii hin qabu ture . yaadeetu , badii kana irraa baratuu jedhe. Namni sun garuu kitaabni kun kan dubbisamee kan gatamu ta’aa jedhaniin. Har’a hin yaadatu ta’a. Kana jechuun kiyya jara ati balaaleffattee akka gandaatti itti katabdee kun, boruu deebi’anii yoo araaraman maal gootaa ? jedhaniin. Deebii isaa isatu beeka. Booruun garuu yeroositti waan sanaan aguugamu barbaade malee waan boruu fidu gonkumaa hin ilaalle. Fixeensi ganamaa har’a yoo dubbisan bu’aan irraa argamu, waan katabameef sanaaf atu hin taanee, badii booruun har’a keessa gangalatuuf madda ykn ragaa ta’a. Booruun kaleessa warra eessallee hin geessanii ABO ni injifataa jedhee bakka kumatti katabee itti himaa turee fi haala Booruu har’aa yennaa wal bira qabnuu, Fixeensa ganamaa isa keessatti mana ijaarratee odoo hin argiin, kan namaa argee sardamee , maa namni na dursaan katabuu hubata. Akka walii galaatti kitaabni Fixeensaa itti dadhabame jedhamu yeroosuma dhumateef. Maaliif jennaan waan umurii hin qabnetti maxxanfamee katabame.kan nama raajuu hojiin booruu har’aas kanuma ta’uu isaatii.wanni hedduu nama raajuu yeroo warri micciiramaa ykn jijjiiramaa achi ba’anii yaadoota ji’a 6tti furmaata finna jedhan, Hogganni nu hojjachiisuu didee jedhan Booruun maal jedhee hojjachaa akka ture seenaatu gaaf tokko suuraa waliin dhiheessa. Yeroo ADOn achi ba’uus, kaleessa Bilisummaa jechaa Ummata dammaqisaa jiraatanii, har’aa tokkummaa Itoophiyaa jedhan hin qaanfatanii jedhee waan katabaa turee fi hojjachaa ture isumatu beeka. Dursaan qabsoo Ummatichaa eenyu akka ta’ee waggaa 4 fi 5 dura waan jedhee hojjachaa ture isumatu beeka. Har’awoo ? ??? ?ofi har’a gaafa galalgalu akkamiin ofitti kataba???
Booruun gidduu kana waan soba adii sobe keessaa :— Waan Girmaa xurumaa, waan qeerroo, qabsoo Oromoo waa hedduu jechaa jira. Waan jedhu kanaaf ammoo sadarkaa tokkoffaatti yeroo ani SBO keessa hojjachaa turee fi Hoggana ture akkas godhee….. jedhee dhiheeffata. Kun gonkumaa sobadha.dhaabni adeemsa booruu dhaaba keessaa ibsuu ni danda’an. Garuu kan nama meeqaa ibsanii danda’u ? kan callisaniifis kanumaaf natti fakkaata. Booruun SBO fi Gaaddisa Dhugaa irra hojjachuu ega dhaabee, waggaa 4 ykn 5 ta’eera. Gulaalaan ture kan jedhuuf, yeroo SBO irra hojjachaa turee gulaalaa afaan amaaraa ture. kan afaan Oromoo nama biraati. Ega hoggana ta’ee sbo dhaabee Afaanuma amaaraa amma ba’uutti gulaalaa ture.gulaalummaan sun ammoo akkam akka ture ijoollee akka dansaatti beektuuf haa dhiifnu. Egaa booruun waa’ee qeerroo inni gabaasaa fi gaafachaa ture isa bara kamiiti ? rakkoon jiraachuun ifa. Sochiin qeerroo kan ammaa dura kan turee kan bara 2014 ti. Yeroo kana Booruun odeeffannoo sbo kamiinu walitti dhufeenya hin qabu. Gulaalummaan Afaan Amaaraa , Odeeffannoo afaan Oromoon hojjataman Afaan amaaraatti hiikkuu, sagantaalee hojjataman afaan amaaraan sirrii ta’uu ilaaluu fi seeraa heera miidiyaa fi dhaabaa akka hin cabsinee eeguudha. Booruuf odeeffannoon bifa kamiitu dhuunfaatti isa ga’uu gonkumaa hin turre. Waanuma afaan Oromoo keessatti hojjatamu iyyuu hojiilee hiikaman yennaa argu hubata ykn wal ga’ii torbanii irratti dhaga’aa, irratti mari’ata . kanuma. Maarree sababaa akka waan guddaatti dhiheeffate eessaa ba’ee ? sochiin qeerroo ammaa qindaa’uu fi gaggeeffamuun booruuf waanuma haaraadha. Akkuma ummata kaanii dhaga’ee ykn arge.
Yoo carraa argadhetti Fixeensa ganamaan of irratti hojjadhaa yoo hin ta’iin, gonkumaa odeeffannoo qeerroo hin qabu.warra qeerroo eenyullee waliif katabuu danda’ama. Garii waan ani jedhe malee yoo jedhan akkamiin ta’a ? xalayaa warra kaanaadaaf katabe argitanittu. Qeerroon arraata shaneeti jedhe. Kun ragaadha, adeemsa booruu nama baruu barbaadeef. inni lammaffaa , Booruun, Hogganootu har’a isa kabajanii hogganumaaf isa kaadhiman gatee ega ba’ee, waggaa 2f deema. Yeroo isaan waliin ture wal ga’ii meeqa akka isaan waliin taa’ee isatu beeka. Murtoo meeqa akka waliin dabarsee isumatu beeka. Gaaffiilee inni gaafataa fi yaadi dhiheessaa ture maal akka ture ifatti warri gaafannee beeknu jirra. Waan waggaa lama dura isayyuu ega hoggana ta’ee waggaa hin guunnee keessatti gaaffiin booruun kaasuu danda’uu isa kami ? mee dhugaaf haa dubbannuu, namni bakka haaraa fi warra baayyee isa hangafan keessa dhufee yeroo ammamiitti gaaffilee kaasuu danda’a ? of tuuluun kun eessaan nu ga’aa ? warrumti waggaa 20 keessa taa’anii keessaa ba’aanu akkas dubbataniiruu laata ? Booruun har’aa Hooggana yennaa arrabsuu fi busheessuuf yennaa yaaluu hangam bilchina isaa tilmaamsiisaa akka jiru ni hubataa laata ? Hogganni inni itti bulgaafatu kun , kaleessa ummata Miliyoona 40 dursuu dandeessaa jedhee isa kaadhimee deebisee arrabsuun maal jechuu akka ta’ee ni hubataa ? Girmaa xurunaa yakka hojjachuun isaa ifa. Warri Girmaa saaxillee jedhanii iyyaa ykn caraanaa jiraniif gootummaan booruun kennu Fixeensa ganamaati. Akka kiyyatti, Ummataaf hojjachuudhaa ykn hadooduudhaa jedhee kan itti amanuu , Farra qabsoo midiyaa irratti saaxillee jedhanii gootummaa argachuuf guggufachuu ykn , isa kaan salphisuuf fiigu atu hin taanee, isa badii hamaa kana hojjate raga itti lakkaa’anii, beeksisanii fala yoo dhaban dhabamsiisuutu Gootummaadhaan jedha.kakuun hojii ykn qabsoo addunyaa kanaa hundi kanadha.
Booruun har’a namicha kana ajjeesuuf ABO itti waamaa jira. Karaa tokkon ammoo dadhaboodhaa hin jiranii jedha. Warri saaxillee jedhan kun , kakuu qabsoo jiruun wal adabuu maa dadhaban. ? kamtu qabsoo kana baraara ? afarfannaan har’aa namcihaaf maal dabarsaa jira. ? Booruun dhuma kana irra waan isa taajjabsiisuu kan baasee, dhaabaan mee ajjeesaa nu argisiisaa jechuu isaatii . Booruuf nama ajjeesuun waa guddaadha. Akkan dhaga’eetti nama dhiiga indaanqoo wayita arguu baqatu, akkamiin dhiiga namaa arguu hawwaa?qabsoo keessatti , nama qawwee baatee jiru biratti waan akka nama ajjeesuu salphatu hin jiru. Booruun sammuu kana hin hubanneen of jiraachisaa jira. Qabso keessatti lubbuu ba’uu hin qabnee baraaruutu bakka ol aanaa qaba waan ta’eef. Qabsaa’uutti aanee kan jiru diina ajjeesuudha.diina akkasii ajjeesuu qabnaan yaada bareedaadha. Mee ajjeesaa na argisiisaa jechuun , Filmii irraa ilaaluutu salphata. Jechii isaa mataan isaa hin ulfaatu ? maaltu Biyya ishee hin beekne dhaqixee maal naa godhaa jettii taate dubbiin. BOORUU FI JECHA ARRAATAA :- Booruun ergaa mataa isaatiif miidiyaa akka qeerroo, simbirtuu kkf isa dinnaan diina godhatee , diinummaa isaa illee Arrata shaneetti ramadeera. Dhugaa waaqaa Booruun fayyaatti hin jiru. kaleessa miidiyaan oromoo kumantamaan akka ta’uuf hojjannaa jechaa ture. har’a a ammoo ija jaamsuuf itti deelee jira. Namni kun dhuma isaa hin beeku. gama kanaan kan jiru niin bulfadha. BOORUU FI MARAATUMMAA , SEER-DHABLUMMAA: Booruun boruu Ummata miliyoona 40 dursuu danda’aa jedhamu seer-dhablummaa isaa illee ifa baafateera. Hogganni ABO seerumaan jecha “SHANEE” jettu of irraa kaasanii , KOREE HOJII RAAWWACHIIFTUU jedhanii of moggaasaniiru.
Booruun garuu sammuu dhaaba lamallee keessummeessuu danda’uu atu keessatti hin umamiin, nama Ummataaf ykn qeerroof furmaata argamsiisuu ta’uuf abbaleera. Jibbi Booruu Barraaqaa hangam dhiiga isa seenee obbolaa isaatti dhukaasufillee qophaa’uu isaa kan argisiisu, jecha officialy kaafameen Hooganoota waamaa jira. Kana maal jedhu egaa. Wayyaanee ABO ni abaara. Booruunis ABO ni abaara. Maal garaagarummaan isaanii . Wayyaaneen ABO nii jibba. Jibba gadi fageenya qabuun. Booruunis kanuma nutti mul’isaa jira. Ani innis wayyaaneedhaa jechaa hin jiru. jibbi isaanii garaagarii ? kan wayyaanee ABO ajjeesuu ykn dhabamsiisuudha. Kan Booruwoo ? maal irraa hubanna ? akka jecha Booruutti, ABO yoo dulloomee ta’ee falli isaa maalii ? falli isaa dhaloota itti aanutti dabarsuudha qabaadhaa mitii ? booruun kan barbaadu. Atu nu harkaa fuutaa jedhanii si kaadhimanii, atimmoo harma haadha si deessee deebistee ciniinuun si hanqannaan dhiigsaa jirataa , eenyuttii kennuree ? kan akka kee dargaggoota haala kanaan kaadhimaman hanga 15 ni beekna. Kanneen keessaa kan har’a fagaatanillee waliin jiran 3 hin caalan.Hogganummaatti fiduuf Miseensa Gumii sabaa ta’uu qabdan. Kana godhan. Deebiin keessan maal ta’ee ? kaan maallaqa saamaa kkf . Hunduu achi ba’ee itti bulgaafate. Keezii ABOn ba’anii ABO abaaran. Booruu Barraaqaa of hin tuuliin ! !!!!!! !sirra yoo guyyaa guutuu dubbatan irraa bareedu hedduutu jiraa. BOORUU FI MIIDIYAA :- Booruun Miidiyaa baayyee kan jaallatuudha. Baayyee . mee callisaatii miidiyaa irratti waanuma hojjachaa jiru callisaa hordofaa. Yeroo qeerroonn Biyya keessaa gootummaa innu hin yaannee hojjatan walaloo katabee fi seeneessuu katabee afarsaa ture.
Xiinxalaa gola warra isa fakkaataniin muudamee ibsa itti kennaa ture. har’a ammoo kan biraati. Girmaan keessa waan jiraateef ykn diina waan ta’eef gootummaa qeerroo haquuf eenyutu mirga isaa kenneef. ? duraan eenyutu caraanii ittiin jedhe ? ammawoo eenyutu halaakii ittin jedhe ? Booruun mata duree hundaa irratti yaaduma laachuu , qeequu kkfn waan keessaa hafee hin qabu. Keessattu dhiheenya kana lammiilee keenya galaana irratti dhuman ilaalchisee namni atu nan dursiin jedhee waan katabee keessaa , “Diinni keenya tokkoffaan wayyaanee atu hin taanee, baqattummaadhaa ” jedhee kan katabeef deebiin laatamee maal akka ta’ee innu beeka. Waggaa 13 ol diinni innikkaa oromoo wayyaaneedhaa jedhee SBO keessaan lallabaa kan jiraatee har’a ga’ee baqattummaadhaa jedhe. Kana maal jettu ? kana kaasuun kiyya , eenyurrallee goruuf odoo hin taanee dhugaa baasuufi. Kaayyoo ani itti amanu keessaa ba’ee dubbachaa fi xibaaraa akka jiru waanan mirkaneeffadheefi. Kan isaatti hin bu’u.Booruun barnootaan sadarkaa Barsiisaa ta’uu irra hin dabarre. Barsiisaa sadarkaa 1ffaa . kanarra taree raga hin qabu. Beekumsi achumatti hin hafu qalbiin ballachuu danda’a. dubbisuun. Biyya alaatti namoonni siyaasaa adda addaa irratti yaada kennan beekumsi isaanii sadarkaa maal irra ga’ee akka ta’ee walitti hin himnu. Booruu fi kanneen akka isaa “Xiinxalaa” waliin jechaa gubbaatti of fannisanii jiran , maabara nama shanii ijaaranii of jalaa hin qaban.hiriyyaa illee hin qaban. Yaada lamaa fi sadii tarrisanii ilaalu illee hin danda’an. Garuu dhaabaa fi Hoggana Dadhabiina isaanii waliin qabsoo Oromoo Senaataroota mariif afeereen ga’aa arrbsan . kun hangam ija jabaatanii jennamoo, waan ija isaan baasisuutu jiraa jenna ?
Booruun murannoo isaa waggaa 15 bishaan itti naqee balleesseera. Ilma ykn Intala isaa hangafaa haalee ykn ganee ykn kan koo miti jedhee, mucaa isaa lammaaffaa hangafa taasifachuuf lafa ciraa jira. Kun wallaalummaa isaati malee, inni mataan isaa abbaa biraa qaba . seenaan kaleessa waggaa 50 fi isaa olitti herreegamtee sagantaan TV fi SBO irratti hojjatamaa turte haalamtee, Abbaan isaa eenyurraa kka dhufe wallaalee , Umamni isa irraa eegaluu nu lbsuuf wawwaata. Booruun ABO abbaa hundaa ta’ee, mucaan geeddaruu barbaada. Hoggana isa bakka buufachuuf ture salphisa. Hogganoota qabsoo dadhabiin isaanii waliin cichanii waggaa 70, 60 ta’anii, “waan irra gangalataa turtan “” ittin jedha. Waa hundaa gangalachuu fedhiisaa bakka hin filannee fi nama hin filannee sanaan wal fakkeessa. Waa hedduu hanbifanne. Booruun boruu waa hundaa ilaalee qabsoo kanatti harka laachuuf jiru kun, gaabbii borii ofitti hin baayyisiin jenna. Akka seenaa fi muuxannoo waggoota 40 irraa baradheetti, Warri Dhaaba kanaa fi Hooggana kana abaaree fi tuffatee filannoon sirri lama qaban. inni 1ffaan, akkuma warra kaanii wayyaaneetti. galuudha. Inni lammaffaa , kan dabree waliin dhiifne jedhanii akka har’aa kana qabsoo qindeeffachuuf murteeffachuudha. Kana giddutti mana ijaaruun waan hin taane. Hin danda’amus. Kan jiru kanuma lamaanii. Obbo Baqqalaa Garbaan Booruun yoo faarsaman nah in dinqu. Nuus hin dinqu. Maaliif jennaan, dubbiin dubbii FIXEENSA ganamaati boru ammoo arrabsamuuf taa’an. Baqqalaa Garbaan Goota. Gootummaan isaa kun booruu irraa hin kennamuuf. Maaliif jennaan, Booruun Hundeessitoota qabsoo hundaa kan jiranii fi wareegaman gootootaa jechaa ture. har’a ammoo salphisaa jira .
har’a ammoo salphisaa jira . Baqqalaa Garbaa Boruu dabalee Goota jechuuf ragaan maalii ? Booruun warra funyaan diinaa jala taa’ee ,,,,,,,jedhee faarsuun isaa natti hin tolle. Waan waliin beeknu waan jiruuf. BOORUU BARRAAQAA YKN YAAHIYYAA JAMAAL YKN YAYA BASHIIR dhiisi.!!!!!! Warra barru fi yaada kee siif afarsan , gadi fageenyaan hordofi. Kanatu si miidhaa jiraa. Maqaa isaanii ilaalii . maqaa Oromoon baafatuun mee xiinxalii. Wayyaaneen qeerroo keessa seenuuf qabatamaan waan hojjanne beekna. Qorichi Girmaa Xurunaa afarfannaa miidiyaa irraa mitiii dhiisii hojii kee jaalala ummataa siif horutti deebi’ii.sirraa fagoo hin jirru. Jarumatu narratti katabee jettees hin dhipahtiin. Namni akka gaaritti si beeku , anarra jechuudhaa, Biyyuma Awuroppaa ani jiru jira.barruu kana gama kamiinu hin shakkiin akka dhaabbattuf qofa .Girmaa xurunaa gantuudha. Gantuu balaaleffannaan gantummaas balaaleffachuu qabna.ilaalcha barbaaddee qabaadhu. Kaayyoo ABOs dhiisi. Kun rakkoo hin qabu. Garuu Hogganoota bifa barbaaddeen qeeqi. Yoo furmaata ta’eef. Qabsaa’ootaa fi kaayyoo keenya garuu irraa dhaabbadhu. Irraa dhabbadhu.!!!!!!!!!! !kana booda deebii tokkollee hin feenu. HUNDEE LAMMII tiin. (Gaashi Baarkaa, Naayirobii, Awu
Murtii eeggataa jira jechuu dhaan himannaa jiraattonni dhiyeessan haalanii jiru.
Amnesty International: Dhiittaan Mirga Namummaa Itiyoophiyaa Amma Sadarkaa Yaaddessaarra Gahee Jira Waggoota 25 darbaniif gochi dhiittaa mirga namumaa Itiyoophiyaa keessatti ta’aa jiru ittuu akka itti caalaa dhufe dhaabbanni mirga dhala namaatiif falmu Amineestii Internaashinaal dubbate NAIROBI (VOA Afaan Oromoo) — Waggoota 25 darbaniif gochi dhiittaa mirga namumaa Itiyoophiyaa itti caalaa dhufe jedha dhaabbanni mirga dhala namaatiif falmu, Amineestii Internashinaal(Amnesty International). Dhaabbitichi wal gayii mata dureen isaa ‘Dhiittaa Mirga Namummaa Waggoota 25f itiyoophiyaa Keessa Ture’ jedhu irratti marii kaleessa taa’e irratti kana ibse. Kufaatii mootummaa Dargii boodas dhiitamuun mirga namummaa Itiyoophiyaa keessatti waan itti fufeef lammileen biyyattii hedduun hidhaatti ugguramuun itti fufeera jedha. Wal gayii kana irratti namootni dararri mootummaa Itiyoophiyaan irra gahe dhiyaatanii ragaa yoo bahan baqattoonni Oromoo fi lammiilee Itiyoophiyaa kaan kan wal gahii kanarra turanis Gamtaa Mootummootaatti dhaabbati baqataa UNHCR tajaajila nuu kennuu maluu nuu kennaa hin jiruu jechuun komii qaban dhiyeefftan. Waggoota 25 darbaniif gochi dhiittaa mirga namumaa Itiyoophiyaa keessatti ta’aa jiru ittuu akka itti caalaa dhufe dhaabbanni mirga dhala namaatiif falmu Amineestii Internaashinaal dubbate Akka Amnesty International jedhutti dhiittaan mirga namummaa Itiyoophiyaa waggoota 25 darban itti fufuu qofaa mitii ira sadarkaa yaaddessaa irra gahee jira. Haalli qabiinsa mirga ilma namaa Itiyoophiyaa keessa jiru haga yoonaa waan hin fooyya’iniif lammileen Itiyoophiyaa yeroo ammaa kana rakkoo keessa jiraachuus dhaabbatichi ibsee jira. Wal gayii Naayiroobiitti gaggeeffame irratti baqattoonni Itiyoophiyaa hidhaa keessa turan, waan isaan irra gahaa ture saba walgayii san irratti argameef akka ragaatti hiraniiru. Barsiistuun Yuuniversitii Haramaayaatti barataa turte tokko akka sabaaf ragaa baatettii, barataa yeroo turtee kaaftee akka hidhaa fi darara cimaa keessa dabarte dubbatti.
Keessumaa labsiinn dhimma shororkeessummaa ilaalchisuun bara 2009 labsame fayyadamuun mootummaan Itiyoophiyaa paartilee mormitootaa balleessuuf, gaazexeessitootaa fi namoota mirga namummaaf falaman hidhuudhaaf ta’ee jechuun dhimma itti baheera jechuun bakka bu’aan Amnestiin wal gahii kana irratti ibsaniiru. Waggoota 25 darbaniif gochi dhiittaa mirga namumaa Itiyoophiyaa keessatti ta’aa jiru ittuu akka itti caalaa dhufe dhaabbanni mirga dhala namaatiif falmu Amineestii Internaashinaal dubbate Kana maleessa akka gabaasa Amenstiitti bara gabaasa mata duree ‘Because I am oromo’[Waan ani Oromo taheef] jedhuun mootummaan Itiyoophiyaa dhalateen Oromoo ka ta’an, waan isa mormaniifii waggaa sadii keessatti qofaa namoota 5000 hidhatti guuree jechuun gabaase. Haala qabiinsa mirga namaa Itiyoophiyaa keessa jiru ilaalchisuuun dhaabbileen mirga namummaaf falman yeroo hedduu rakkoo jiru dubbatanus hawaasi addunyaa garuu haga yoonaa deebii quubsaa ittti hin kennine, kuni maaliif tahe jechuun gaafata Muthoni Wanyeki, hoogganaa Waajira Damee Amineestii internatinaal Damee Afriikaa Bahaa. Mata dureen walgahii irratti ka’e biroon, dhimma baqattoota Itiyoophiyaati. Baqattoonni kunis waajjirri baqataa UNHCR gargaarsa nuu kennuu maluu nuuf kennaa hin jiruu jechuun komataniiru. WalgahichA irratti ka argaman bakka bu’aan dhaabbata baqataa, UNHCR yeroo ammaa kana lakkoofsi baqataa akka addunyaatti waan dabalaa dhufeef dhaabbati UNHCR hanaqina maallaqaa akka qabu himaniiru. Dhaabbatichii rakkoolee baqattoota Oromoo irraa gahan jiran jedhes dubbateera. Gama biroon dhimmi buufata kaampii baqataa Dadhaab cufuu ka’eefii ka ture yoo tahu, lammilee oromoo achi keessa jiran egereen isaanii maali ka jedhuuf Mrs. Marry’n “Mootummaan Keeniyaa erga sagantaa isaa nu beeksiseen booda haala isaan itti gargaaraman mala dhoofnaa jedhanii,” jiran. Walgahii Amineestii Internaashinaal Naayiroobiitti qopheesse kanatti irratti namoota 150 ol tahanitti itti dhufe.
Walgahii Amineestii Internaashinaal Naayiroobiitti qopheesse kanatti irratti namoota 150 ol tahanitti itti dhufe.
Oromoo, Dirmadhaa Dirmachiisaa! Gara: Ummata Oromoo, Iddoo jirtan maratti, Ummata Oromoo hundaaf Salaamtaa Obbolummaa isiniif dheheesinee, kan baatii Ramdaanaa tan Qur,aanni keysatti bu,e nagayaa fii barakaa akka tahu hawwiin qabnu ibsaa, iyyannaa dirmachuu dabarfanna. Oromiyaan humna waraana alagaa jala jiraachuun akkuma jirutti tahee; miidhaan ummata Oromoo irra gahaa jiru kan ammaa daangaa dabree jira. Haala hamaa oromyiyaa keysatti Ilmaan oromoo fixuun waraanni agaazii magaalaa calanqootti ilmoo daaima akka shinbirrotti karaarratti ajjeesuun akasumatti magaalaa Awwadaay keysatti Ilmaan hegeree oromiyaatiif ijaaf qabnu gareen abbotii garaa kanneen tigreef bitaman nama 8 ajjesan, yaroo hunda taazyaaa taa,uufii booyuun nuufgahe, Hanga lafarraa nufixan hin eeynuu kaanee gumaa ilmaan keenyatiifii kan abbootii teenyaatiis kafallee oromiyaa teenyaas lollee haagonfannuu. Mootummaan saba bicuu wayyaaneetiin durfamtu, handhura Oromiyaa, finfinne fii naannoo isii ilmaan Tigree irratti galchaa, gara kaaniiniis lafa Oromiyaa qicattee gurguruun ittiin duromaa jirti. Ilmaan Oromoo ammoo kumaatamaan lafa isaanii irraa buqqifte kadhattuu karaarraa tahuu mudde. Gara biraatiin, ummatoota ollaa Oromiyaa qubatan, kanneen duriif kabajaa ollumman nuun waliin bulaa turan, kakaaftee daangaa Oromiyaa kara hundaan tarkaanfatanii lafa Oromoo fudhachiisaa jirti. Dhiheenya kana lolli baha Oromiyaa naannoo qubsuma Anniyyaa fii ummatoota Somalee jiddutti tahaa jiru kanumarraa kan ka’e. Mottummaan Somalee, kan Liyyuu Police ja’amuun hidhachiiftee, itti bobbaaftee Oromoota lafarra fixaa jirti. Lola bara shan caalaa naannoo kanaratti deemeen, lubbuu namoota hedduu fii qabeenya qiyaasa hin qabne ummata Oromoo irraa Soomaleen saamame. Ona Anniyaarraa lafti Oromoo guddoon dhunfaa qubsuma Soomaalee taasifamte.
Kun akkuma dhaadannoo muummichi Wayyaanee kan duraani, Malas Zinaawii je’e, ja’anii, Oromiyaa fii ummata Oromootuu xiqqeeyssuuf imaammata bahe hujiin mirkaneeysuudhati jiran. Akkuma beekkamutti, naannoon Anniyyaa tajaajila hawaasumma takkumaatuu argatte hin beeytu. Jiruu gadadoo keeysa jiraatan. Tana gubbaan, lolaan lafa oomishaaf mijjooftuf firraa buqqa’uun, beeyladaan duraa saamamuun walitti dabalamee, ummanni Anniyyaa, rakkoo humtuun waadamaati jira. Yoo hatattamaann Oromoon itti dirmatee dhaqqabamuu baate, dhumaati rasaasa diinaa daran, ummanni kun beelaa fii dhukkubaan, lafarraa galee, lafa duwwaa Soomaaleen dhaaluuf deemti. Qalbiin saree gama lafeeti,”; ja’an maymaaysa Oromootti, ummanni Soomaalee, abjuu ziyaadZiad Barree irra dhaalan, kan daangaa isaanii hanga Awaash balifatuuti qaban. Hiree gargaarsa Wayyaaneetti dhimma bahanii fedhinnaa isaanii dhugoomfatuu barbaadu. Haa hubannu, magaalaan Minoo fageenya KM 100 gaara Dabbaalirraa jirti, duubni dabbaal Awashi Oromiyaan idduu moggaa hin qabdu. Akkuma, “Finifinnee keenya, Burraayuu keenya, Laga xaafoo keenya,wkf,” iennee iddoo hundaa dhawwaaqaa jirrutti, Qumbii, magaalaan Minootiis keenya jennee wareegama barbaachisu baasuun lafa/daangaa Oromiyaa irraa diina facaasuu qabna. Gootonni keenya warri dur dabran kan akka General Waaqoo Guutuu fii Sooreysa Jaarra Abbaa Gadaa, gootummaan haqa ofii falmatuu nu barsiisanii dabran. Qeerroon Oromiyaa ar’aas, faajjii san qabatanii tokkummaan diinaaf gugguufuu diduu nu barsiisaa jiru. “Hadaamiin Ollaa agamsaa imimaan hin dhabdu,” jedhanii, Anniyya takkaa roorrifamee, gidiraas fudhatee hin beeku.Ilamaan Anniyyaa guyyaan akkuma abbootti teenysan duriitti, ona keeysan yeroon itti kabajisiiftan amma.
“Hadaamiin Ollaa agamsaa imimaan hin dhabdu,” jedhanii, Anniyya takkaa roorrifamee, gidiraas fudhatee hin beeku.Ilamaan Anniyyaa guyyaan akkuma abbootti teenysan duriitti, ona keeysan yeroon itti kabajisiiftan amma. Oromoon, qaamaaniis tahee, qabeenyaan isin waliin jira, lolaa lolchiisaa dhiirmumma teeysan agarsiisaa. FIDOn gocha diinummaa ummata keenya lafarraa dhabmsiisuuf godhamaa jiru kana balaaleyfataa, gargaarsa ummanni keenya barbaadu hunda gumaachuuf qapheedha. “Leenca darrate jeedalloon dhihana isaa qalbifti,” akkuma janii,wal hirree laafatuu keenyaatu jabeenya diina keenya tahee jira. Humna qabnu afshaalumman itti dhimma bahuun kan dandeenyu yoo tokko taane qofa. Abbaa biyya tahuun wareegama qaalii gaafata. FIDOn qabsoo ummanni Oromoo, Abbaa biyyaa tahuuf godhu qooda irra eeggamu gochuuf qophii tahuu ibsaa, namuu bakka jiruu, karaa irra jiruun gumaata akka kennu yaamicha goona. Tokkummaan humna! Oromiyaan ni bilisoomti! Ibsaa Gammachuu, Hayyuduree muummicha Hoogganoota FIDO
Sab-quunnamtii hawaasummaa akka madda odeeffannootti; muuxannoo ogeesotaa fi dargaggoota Oromoo Halleeluyaa Luulee, Gammadaa Olaanaa , Gammachiis Fiqaaduu Yaadawwan Ilaali Oggoota dheera dha namoonni odeeffannoo argachuudhaafis ta’ee sagantaawwan bashannanaa hordoofuu dha, Raadiyoo, TV fi baruulee irratti hundahaa turan . Kun jijjirramaa dhufeera, keesumatuu dargaggota birratti. Akka fakkeenyatti kaasudha Qorannoon akka agarsiisutti Yunaaytid Isteetsitti ,dhaloonni mileenial jedhaniin (namoota umriin isaanii ogga18 – 34 jiran jechuudhaa) dhibba keessaa garri harka 74, addunyaan akka itti bulteef ooltee beekudhaa mobaayilii fi sab-qunnamtii hawaasummaa iratti hundaahan. Gara keenya hoo deebine hoo, dargaggoonni Oromoo Oduu fi Odeeffanno eessaa argatan? Waan argamuum hoo dhugaa ta’udhaaf dhiisuu isaa akkkamitti qulqulleeffatan? Dargaggota Oromo sab-qunnamtiiwan hawaasummaa, kessumatuu feesbuukii baayyinaaan fayyadaman lamaan tokko dubiseera. Hunda dura garu, akkuma beekkamu jalqaba torban kanaa barattoonni qormaata kutaa 12ffaa amma fixanitti sabqunaamtiin haawaasummaa cufameera.. Mootumaan Itoophiyaa barattoonni waan midiyaawwaan kana iratti deemuun odoo hin rirrifatin qormaata isaan irratti akka xiyyeefatanii murtee sanirra gahuu ibseeti han midiyaawwan kana yeroo murtahee cufe. Gammadaa Olaanaa ogeessaa kominikeeshinitif gaazexeessa dha. Namoota dhimoota aadaa fi artiratti Oromoo irratti fesbuukidhaan odeeffannoo baayyinaan hawaasa biraan gahan keessaa tokko. Haala guyyaa sadeen ture nuu ibseera. Kana malees, akkaataa fayyadama sabqunamitii hawwaasummaa dargaggoota irratti, Halleeluyaa Luulee, dhabbata Qorannoo Nageenyaa Afrikaatti (Institute of Security Studies) qorataa han ture akkasumas Gammachiis Fiqaaduu Naayyroobii irraa hasofsiisnerraa, armaan gaditti dhaggeeffadha.
Kana malees, akkaataa fayyadama sabqunamitii hawwaasummaa dargaggoota irratti, Halleeluyaa Luulee, dhabbata Qorannoo Nageenyaa Afrikaatti (Institute of Security Studies) qorataa han ture akkasumas Gammachiis Fiqaaduu Naayyroobii irraa hasofsiisnerraa, armaan gaditti dhaggeeffadha.
Warraaqsa Oromoo amma deemaa jirurraa waan barannee fi daandii fuula duraa ADDA BILISUMMAA OROMOO OROMO LIBERATION FRONT Adoolessa 2016 1. Seensa Akka sagantaa siyaasaa irraa hubatamutti ABO kan dhaabbateef Oromiyaa walaboomtee fi dimokraatik repablik taate utubuu tahuun ni hubatama. Galma kanaaf miseensonni heduu fi sabni Oromoo hedduminaan itti wareegamanii jiru, ittis wareegamaa jiru. Diddaan ammatti Oromiyaa guutuu keessatti deemaa jirus itti fufiinsa diddaa mootummaa Itiophiyaa kan ABO walakkaa jaarraa oliif geggeessaa ture. Baroota 130 dabraniif sabni Oromoo fi saboonni kibba Itiophiyaa hundee bittaa gabrummaa kan tahe geengoo cunqursaa bittaa mootummaa Absiiniyaa (Amaara-Tigraay) dhuma jaarra kudha saglaffaa irraa kaasanii bittaa afaan qawwee fi hammeenyaan guuteen bitamaa jiru. Hamma warraaqsa bara 1974 tti Oromiyaan bittaa Nafxanyootaa (riflemen) kanneen biyyaa fi qabeenya humna qawween irraa dhaalan jala turte. Warraaqsi mootii Haiyle Sillaasee fonqolche humna waraana biyyichaatiin butamee hamma bara 1991 hammeenyaa fi hacuuccaa humna waraanaa jala turte. Warreen harr’a Oromiyaa humna waraanaan bitaa jiran Addi Bilisa Baaftuu Uummata Tigraay (ABUT) bittaa humna waraanaa fi hacuuccaa kanneen isaan duraarraa dhaalan daran miidhaa siyaasaa fi saaminsa dinagdee irraan gahaa jiru. ABUT (TPLF) saammii dinagdee mootummoota isaan dura turanii akkuma jirutti dhaalanii ajeechaa fi duguuggii sanyii uummata Oromoo duraan ture daran dabalan. Gabaasaalee dhaabota haqa ilmoo namaaf dhaabbatan kanneen akka Human Rights watch, Amnesty International fi Horn of Africa Human Right League irraa akka hubatamutti hammeenyi mootummaa Wayyaanee jireenyuma saba Oromoof sodaachisaa tahuun ni hubatama. Haa-ta’u ammo, galmi qabsoo Oromoo kan ABO tiin hogganamu Oromiyaa walaboomtee dimokraatik repablik taate utubuu yeroo sagantaan kun diriiree wixiname caalaallee ifa tahee jira.
Hammeenya mootummaa Wayyaanee irraa kan ka’e, qabsoon Oromiyaa walaboomteef tahaa jiru yoomiyyuu caalaa biyya keesaa fi addunyaa guutuutti finiinee jira, toora haaraa fi isa dhumaa tahuu irraa hubanna. Haa-ta’u malee, akkuma gara boodaatti addeesinu, qabsoon kun galma akeekame gahuuf caalaatti qindaa’uu fi qaramuun haalaan barbaachisaa dha. www.oromoliberationfront.net Email: info@oromoliberationfront.net 1 ADDA BILISUMMAA OROMOO OROMO LIBERATION FRONT 2. Fincila amma deemaa jiru: tarkaanfii walabummaaf murteessa tahan Akkuma armaan olitti tuqame, hundeen sababa diddaa harr’a uummanni Oromoo agarsiisaa jiruu diddaa bittaa gabrummaa mootummoota Abisyniaa fi diddaa humnaan biyya isaanii dhabuu ti. Laalchi harr’a yoo mootummaan Wayyaanee mootummaa gadi dhiifte diddaan deemaa jiru dhaabbatee nagaan bu’a jedhu laalcha fageessanii laaluu dhabuu ti. ‘Master Plan’ rakkoo bulchiinsa dimokraatawaa dhabuu, haqa ilmoo namaa eeguu dhabuu, saaminsa lafaa fi kkf… asxaa hundee rakkoo ti malee ifii isaanitiin rakkoo amma dhufan miti. Oromiyaan humnaan qabamuun (colonized) tahuunn hundee rakkoo kana hundaa ti. Kanaaf, diddaan amma Oromiyaa keessa deemaa jiru mootummaa Wayyaanee aangoo gadi-dhiisisuu qofaa oso hin taane geengoo hacuuccaa gabrummaa kan waggoota 130 ifirraa darbanii walabummaa gonfachuu dha. Qabsoon Oromoo qabsoo haqaa ti. Kanaafis dardaraa fi shamarran Oromoo haqa kana if-dura qabanii biyya isaanii walaboomsuuf kan qawwee mootumma wayyaanee dura dhaabbataniif. Hawwii isaan kunuunsan hammeenyaa fi hacuuccaa diinaa jalaa walaba kan taate Oromiyaa utubuu dha. Mootummaa Itiophiyaa tokko mootummaa Itiophiyaa biraatiin bakka buusuudhaaf fedhii tokkollee hin qaban. Diddaan kun Oromiyaa guutuutti qooda fudhannoo guutuu fi kumaatamaan deggeramaa jira, akkasumas, afuurri walabummaa Oromiyaa guutuu keessa bubbisaa jira, danqaan tokkichi uummata a fi Oromiyaa walaboomte gidduu jiru humna gabroomfattu mootummaa Wayyaanee ti.
Diddaan Oromoo baatii saddeettan dabran kana keessatti wanneen mirkaneesse keessaa tokko waan leellistoonni mootummaa gabroomfataa Itiophiyaa bittaaf akka tolutti oofaa turan yoo isaan hin jirre akka waan Oromoonni wal-fixanii ‘chaotic tribes’ isa jedhu faallesuu dha. Oromoonni bikka mootummaan Wayyaanee diigametti seera gadaarratti hundaa’uudha seeraa fi heera naannoo kabachiisuun, sirna dimokraatawaa gadi dhaabuun ifiin if bulchuu jalqabuu isaa ti. Caalaatti ammoo, dammaqiinsi ol-aanaan diddaa kana keessatti mul’atuu fi tumsi waliigalaa Oromiyaa guutuuti calaqise, uummanni kun biyya mataa isaanii utubanii hiree mataa isaanii ifiin akka murteessu danda’an ifa godhe. Asirratti dabalamee waan hubatamuun irra jiru, fincila walirraa hin citin deemaa ture fi deemaa jiru keessatti warreen Tigree tahan dabalatee obsa isaan saboota Oromoo hin tahin Oromiyaa keessa jiran garsiisan daangaa kan hin qabne tahuu dha. Tasgabbii uummanni keenya garsiisan ilmoo namaa kanneen nagaa fi ulfina jaallataniin waan faarfamuu qabu. Haalli kun dhaabbilee idil addunyaa falmii uummanni keenya haqa isaaf godhu akka gargaaran kan yaada geddarsiisuu fi gaaffii hiree ifii ifiin murteessuu ABO gaafatu akka hubatan kan taasisu tahuu qaba. www.oromoliberationfront.net Email: info@oromoliberationfront.net 2 ADDA BILISUMMAA OROMOO OROMO LIBERATION FRONT 3. Haala hamaa keessatti bayyaanata Diddaan kun sabni Oromoo saba nagaa jaalatu tahuu shakkii tokko malee yeroo mirkaneessu mootummoota Oromiyaa qabatan keessaa wayaneen isaan hamoo tahuu caalaatti akka hubatamu taasise. Mootummaan kun dhiiga dhangalaase malee Oromiyaa akka gadi hin dhiifne ifa godhanii jiran. Gara laafina tokko malee uummata nagaan hiriira bahan fixanii jiru, mootummaan kun, hammeenyi I fi jibbiinsi isaan saba oromoo irraa qaban hegeree issanii fi hegeree deggertoota isaaniifillee akka badii tahee if dura hubachuu hin dandeenye.
Yeroo barreefamni kun barreefamaa jirutti fincilli sadaasa 12, 2015 magaalaa Gincii tti ka’e Oromiyaa guutuu keessa deemaa jira. Mootummaan wayyaanees akkasuma gara laafina tokko malee humna guutuun ijoollee, maanguddoo osoo hin jennee duguuggaa itti fufanii jiru. Keessattuu, dardaraa fi shamarran mana barumsaa universitii fi mana barumsaa sadarkaa lammaffaa jiran adamsanii ajjeesuu, hidhuu, tumuu, gudeeduu mana barumsaarraa ari’uu fi madeessuun itti fufee jira. Haga ammaatti, ijoollee waggaa kudhanii gadii, dubartii garaa qabdu, manguddoo waggaa torbaatamaa olii fi dardaraa fi shamarran dhibaatamaan lakaawaman ajjeefamnii jira. Kanneen mana hidhaa tti guuraman, kanneen bikka bu’an dhibaman fi kanneen biyyarraa bahan kumaatamaan lakkawamu. Akeekni mootummaa Wayyaanee sodaachisuu fi shrorkeessuun akka uummani aangoo isaanii jala bulan gochuu dha. Akki isaan itti yaadan dardaraa fi shamarran ajjeesuun, tumuu fi hidhuun hawwii uummanni oromoo qabuu busheessuu yaaluu dha. Haata’u malee, itti bahiinsi isaa garuu, ajeechaan meeqallee, hidhaa fi shrorkaan hagamiillee dheebuu amma uummanni oromoo qabu dhaabuu akka hin dandeenye fi mootummaa isaaniis akka hin oolchine hubatamaa dha. Oromoo gurmaa’e sodachu arraa kan ka’e, jarrii Wayyaanee kanneen seera mootummaa san jalatti seeraan galmaa’anii warraaqan, dhaabban siyaasaa ‘shororkeesitoota’ jechuun moggaasanii manni hidhaa waan guutee jiruuf bakka ilmoon namaa jiraachuuf hin tolletti walitti qabanii hidhanii jiru. Haata’u malee, uummanni Oromoo ejjennoo isaanii cimsuudhaan bilisummaa yookaan du’a jechaa jiran. Sabni Oromoo wagoota digdamman dabran muuxannoo argatanirraa haalli wayaanee shororkeessummaa tahuu hubatanii jiru. Lubbuu dardaraa fi shamarranii baasuun uummanni kaan sodaatanii akka bulan taasisuuf, ifii isaaniitii aangoo tolfatanii akka turan lubbuu dheerefachuudhaaf.
Humni isaanii Agaziin uummata Oromoo adabanii qaanessuun yoo toftaa isaanii tahellee uummanni Oromoo soda fi qaanii bira dabruu isaanii garsiisanii jiru. Hamilee fi murannoon dardaraa fi shamrran keenya baatii saddettan kana keessatti osoo rasaasnni akka bokkaa itti roobuu, osoo mana keessaa baafamanii ajjeefamanii fi hidhamanii itti fufe deggertootaa fi kanneen haqa ilmoo namaaf dhaabbatan hunda onnachiisee jira. Oromoon biyya keessaa fi biyya alaa akka onnatanii yaada tokkoo fi akeeka tokkoof dhaabbatan godhee jira. Oromiyaan walaboomtee fi uummanni Oromoo bilisoman rogaan as-bahaa jira. www.oromoliberationfront.net Email: info@oromoliberationfront.net 3 ADDA BILISUMMAA OROMOO OROMO LIBERATION FRONT 4. Goolamuu mootummaa Wayyaanee Warraaqsi Oromiyaa guutuutti sadaasa 2015 dhohe waan mootummaan Wayyaanee hin eegin tahee argame. Kanaaf, hiriiraa fi didda oromiyaa guutuu keessatti osoo walirraa hin citin deemaa ture, humna waraanaa guddaa hammas gahuun dhaamsuu fi qabneessuu hin dandeenye. Humni Agaazii ijoollee arka qullaa hiriirtu fi qonnaan bultoota garalaafina tokko malee ajjeesellee tasgabeessuu hin dandeenye. Mootummaan Wayaanee akkuma humna dhabaa dhufaniin haala malee sodaachuu fi sodaarraa gar- laafina dhabuun mul’ate. Qabeenya uummataa gargaarsa dhaabota gargaarsa namoomaa irraa kennamu osoo hin hafin gara mi’a ajeechaa jabeessuutti qajeelchan. Haata’u malee, mi’I waraanaa hagamillee waan dhuma isaanii hambisu hin fakkaatu. Mootummaan abba irree isaan dura ture Dargiin lakoobsi taankii fi hedduminni waraanaa akka hambisuu dadhabe hubatamuu qaba. Ija siyaasaatiin mootummaan Wayyaanee jeeqama keessa jirti. Diddaan oromiyaa guutuu keessatti tahe, walii isaanii gidduuttillee wal-amanteen akka hin jiraane godhe.
Dhaaba ‘waliin’ hojjenna jedhanii guddifatanillee (‘Dhaaba Domokraatawa Uummata Oromoo’) sodaachuu fi amantaa irraa dhabuun ni mul’ata. Haalli kun akka oromiyaa humna waraanaa saddetti ti qoodamtee aangoo jeneraalota wayyaanee saddettin akka bitamtu taasise. Haata’u malee, mootummaan abdii isaa irree aangoo waraana isaarra kaa’e kun, fincila saba Oromoo irraa dandamata hin fakkaatu. Jeequmsi siyaasaa keessaan itti dhufe dhimma diplomaasiis duraa jeeqee jira. Yeroo duraaf qabsoon bilisummaa Oromoo adunyaadhaan hubatamee jira. Miidhaa fi ajjeechaan ilmoo namaarra mootummaa wayaaneetiin gahaa jiru karaa meeshaalee sab-qunnamtii adda addaa fi karaa oromoota biyya alaa adunyaarratti saaxilamee jira. Dabalees, mootummaa kanaan haqni ilmoo namaa dhiitamuu fi oromoonni hedduminaan ajeefamuu, hidhamuu fi biyyarraa arhamuun dhabolee haqa ilmoo namaa dhaabbatan kan akka Amnisty Internationa fi Human right watch’n galamaa’ee dhihaatee jira. Miseensonni hawaasa addunyaa yeroo duraaf, keesumaa kan akka Tokkummaa Awroopaa fi mootummoota adda addaa rakkoon Oromoorra gahaa jiru yaaddessaa tahuu garsiisanii jiru. Ummanni Oromoollee hawaasni addinyaa akka isaan hin iraanfanne hubatanii jiru. ABO miseensota hawaasa adduynaa waa’ee rakkoo Oromoo dhimmanii yaaddoon itti dhagameef galata qaba. Haata’u malee, mootummaan abbaa irree akka Wayyaanee ibsi “yaaddoo guddaa” garsiisuu du’wwaadhaan hammeenya oromoorratti raawwachaa jiranirraa akka hin deebine hubachuun barbaachisaa dha. Daabolee akka Biyyoota gamtoomanii (UN), Tokkummaa Afriikaa fi biyyota miseensota gamataa kanaa akka mootummaan wayyaanee ajjeechaa dhaabu akka dhiibbaa irratti godhan gaafanna. www.oromoliberationfront.net Email: info@oromoliberationfront.net 4 ADDA BILISUMMAA OROMOO OROMO LIBERATION FRONT 5.
Daabban siyaasaa Itiophiyaa irratti ejjennoo keenya Hordoftoonni siyaasaa tokko tokko fi hayyuuleen nafxanyootaa humni Oromoo impaayera Itiophiyaa dimokrateessu ni danda’u kan jedhu laalcha qabu. Haata’u malee, haalli qabatamaan argamu faallaa kanaa tahee argama. Dhaabban siyaasaa Itiophiyaa sababa qabsoo Oromoo tasumaa suduudaan hubachuu hin fedhan, garuu, kanatu isiniif taha jedhanii waan isaaniif tolu nuuf maluurraa takkaa if qusatanii hin beekan. Kaassattuu kun ejjennoo dhaabban siyaasaa nafxanyootaa Akkuma barruulee baatii saddettan kana keessatti bahan agarrutti dhaabbiin kanneen Itiophiya leellisan, fincila Oromoon gochaa jiranrratti qaban kan nagaa miti. Warraaqsa Oromoo tumsa dhorkuudhaf waa-meeqa yeroo waliin maran argina. Karaa biraatiin, tarii osoo hin hubatin yeroo haala Wayyaaneen itti uummata Oromoo ajjeesaa jirtu deggeran argina. Harr’a yeroo Oromoon guutuutti if baree haqa uumamaan qabu deeffachuuf falamaa jirutti dhiibbaa warreen biraatiin haqa Oromoo jal’isuun ABO ykn dhaaba siyaasaa kamiyyu uummata oromoon wal-dhabsiisuu danda’a. kanaaf, nuti karaa keenya, humnaa fi qabeenya oromoo dantaa hayyuulee gita bittoota Itiophiyaa eeguuf gumaachu tokkollee hin hayyamnu. Dargaggoo fi shamarran oromoo qabeenya uumaa fi humna namaa bittaa gabrummaa jalatti miidhamee bilisomsanii naannaawaa isaanii hadhaadhuu dha kan fedhan. Aadaa fi afaan isaanii guddisanii dinagdee isaanii kunuunsanii ulfinaan jiraachuu dha fedhiin isaanii. Injifannoon haga ammaa galmeessanii fi mirkanni fedhii walabummaa isaan garsiisan waan dhoofsisaaf (negotiation) dhihaatu miti. Waan kana sirriitti hubachuun qooda fudhattoota siyaasaa oromoof qajeelfama kenna jennee amanna. Dhaabota siyaasaa kan Oromoo hin tahin (non-Oromo political parties) waliin dubbachuudhaaf ykn waliigalee wahii uumuuf, bilisummaa Oromoo, Oromiyaa walaboomte fudhachuu haqa sabni keenya lafa isaa fi qabeenya uummaa irratti qabu fudhachuun jalqaba dubbii tahuu qaba jenna.
Kun, haqa dura warreen oromoo waliin hojjechuu barbaadan fudhachuu qaban jenna. Oromoon amma booda humna kamiinuu kan hacuucaman tahuu hin qabu. Oromiyaan, dargaggootaa fi shamarran onneedhaan ka’an, walaleesitoota, barreesitoota, artistoota fi kkf… kanneen haqa isaanii fi kan saba isaanii hubatan, kan Oromiyaa toora biyyoota bilisomanii dhaabuu darbaadan qabdi. Warreen carraa dardarrii fi shamarran oromoo fidanitti dhimma bahanii aangoo fudhachuu ykn aangootti deebi’uuf dhama’an yoo yeroo isaanii gubuu baatan wayya jenna. 6. Toora yaadaa tokko tahe qabaachuuf haala jarjjarsaa Yeroo kamiyyuu caalaa tokkummaan haqaa Oromoof amma barbaachisaa dha. Mootummaa shrorkeesituu dhabamaa jirtu bikkaan gahuudhaaf, Oromoonni keessaa fi alaan dhimma isaniirratti jabaatanii jiru. Uummanii Oromoo maanguddoo fi joollee dabalatee mootummaa Wayyaanee www.oromoliberationfront.net Email: info@oromoliberationfront.net 5 ADDA BILISUMMAA OROMOO OROMO LIBERATION FRONT balfanii jiru. Mootummaa ammaa balfuu qofaa osoo hin taane Itiophiyummaa isaanirrat fe’amellee balaalefatanii jiru. Uummanni Oromoo sagalee tokkoon dubbatan. Walabummaa Oromiyaa jechaa jiru. Dhaabileen siyaasaa Oromoo fi kan hawaasaa qabsoo deemaa jiruuf gumaachuuf hundee rakkoo uummata keenyaa hubachuu qooda kennuu danda’aniif haalaan barbaachisaa dha. Gareen tokko tokko Hundee gaaffii Oromoo hubachuu dhabuurraa qabsoon bilisummaa oromoo qancaruun hubatamuu qab. Afaanfajii fi hubachuu dhabuu dhabamsiisuudhaaf galmi qabsoo Oromoo xaliila tahee mul’achuu fi dubbatamuu qaba. Dhaabileen siyaasaa Oromoo sagalee uummata bal’aa Oromoo dhaggeefachuun, waan isaan aarsaa jabaa godhaa jiraniif hubachuudhan, toora saniin akka gumaachan gadi-jabeesinee hubachiifna. Seenaa boonsaan abbootii fi haadholii kan nu-barsiisu Oromoon waan dhimma walii, kan waan biyyaa laalu taa’ee marihatee seera tumata (Tumaa Seeraa).
Hegeree Oromiyaa murteessuuf yeroon itti marihatan, yeroon itti dirqamaa fi mirga ifii beekanii seera tumaa qabsoo dhugaarratti hundaa’e kan tahuu qabu amma tahuu ABO jabeessee amana. Kanarratti hundaa’uudhaan, walgahiin waliigalaa (Convention), galmee yaadaa fi duudhama dhaabilee fi qooda fudhatoonni qabsoo Oromoo hundi ittiin buluu danda’an, kan deemsa qabsoo keessatti haalaa fi akeeka hundaa tohachuu danda’u, kan dantaa Oromoo sadarkaa hundaatti eegee dhaabbatuuf, kan dantaa Oromoo alaa fi keessatti eegu, kan yaada Oromoon irratti waliigaluu (Consensus) akeeku kan burqisiisu akka tahu yaada dhiheesina. ABO’n walgahii akkasii qopheessuu irratt qooda guddaa gumaachuuf qophii tahuu mirkaneessa. Akkasumas waldoonni qormaatta Oromoo, dhaabolee siyaasaa, kan amantii, kan hawaasaa manguddoonni akkasuma qooda ol-aanaa akka agsiisa ni abdanna. Hayyoonni keenya llee utuu if hin qusatin, soda tokko malee fi looggaa tokko malee dhimma kanaaf akka gumaachan afeerraa goona. Walgahii kana qindeessuu fi fiixaan baasuu akkasumas yaadni waliigalaa erga hundeefamee booda waanni waliigalamee hojiirra ooluu fi dhiisuu irratti dhaabbileen sab-qunnamtii Oromoo shoora guddaa qaba. Walgahiin nuti yaadaa qabnu kun, xurree shaffisa bilisummaa saaquu duwwaa osoo hin taane kan haalaan barbaachisaa tahe naamusa (‘Tumaa Seeraa Qabsoo’) qooda fudhatoota siyaasaa Oromoo akka qiyaasuf. Yaada tokko gara tokkotti kan nu-qajeelchu yoo qabaanne if-bulchiinsa kufaatii Wayyaanee boodaaf Oromoof taha san boodaafillee nu-qopheessa. Wanti nuti amma goonu fuuldura keenyaaf deggersa guddaa taha, yoo waa-gochuu dhiifnee teenye garuu akkasuma badiin isaa haalaan hamaa akka tahe mirkanii dha. Oromiyaan ni bilisomti! www.oromoliberationfront.net Email: info@oromoliberationfront.net 6 ADDA BILISUMMAA OROMOO OROMO LIBERATION FRONT Lessons from the Ongoing Oromo Revolution and the Way Forward 15 July 2016 1.
Introduction The Oromo Liberation Front (OLF) is established to struggle for the liberation of Oromia and the establishment of democratic republic of Oromia as specified in its political programme and its members and the Oromo nation at large have paid immense sacrifices for this sacred objective. The current Oromia-wide revolutionary protest against the occupying Ethiopian regime is a continuation of the struggle that has been promoted by the OLF for nearly half a century. For the last 130 years, the Oromo and the other peoples in southern Ethiopia have been caught in a vicious circle of tyranny that is deeply rooted in a colonial conquest at the end of the 19th century. Ethiopian rulers of Abyssinian (Amhara-Tigray) origin have been ruling over them supported with the use of armed violence. Armed settlers called naftanya (riflemen), who owned land which was confiscated from the Oromo, ruled over Oromia up to the 1974 Ethiopian revolution. The revolution that overthrew the imperial regime of Emperor Haile Selassie was hijacked by a military junta, which ruled the country with terror until 1991. The Tigre People’s Liberation Front (TPLF) regime, which rules Oromia with martial law today, has not only inherited the militaristic and authoritarian styles of their predecessors, but also intensified their abusive political and economic practices. The extractive economic policies of the past regimes are put back in place and the impunity with which the lives of innocent people had been destroyed by past Ethiopian regimes has become even worse under the TPLF. As numerous reports from human rights organizations such as Human Rights Watch, Amnesty International and Horn of Africa Human Rights League clearly indicate, the brutality of the TPLF regime is threatening the very survival of the Oromo people. Hence, needless to say here that the political goal of the Oromo struggle led by the OLF, namely the formation of independent Republic of Oromia is as relevant, if not more so, as it was when it was ratified by the political programme of the OLF. In fact, in tandem with the intensification of tyranny against the Oromo under the Tigrayan ruling elite, the Oromo struggle for independence has been enhanced; coordinated and waged nationally and internationally, it has entered the final chapter. However, as we will indicate later, the struggle needs to be much more sharpened and coordinated in order to stride forward to the realization of the ultimate goal. www.oromoliberationfront.net Email: info@oromoliberationfront.net 1 ADDA BILISUMMAA OROMOO OROMO LIBERATION FRONT 2.
The current uprising: a decisive step to independence As mentioned above, the root cause of the unrest in Oromia today is the century and a quarter long colonial domination and illegal occupation of Oromo country by successive Amhara and Tigrayan (Abyssinian) rulers. The view that if the TPLF regime is removed the cause of the unrest in Oromia will settle and peace will be restored is myopic: the “Master Plan”, lack of democratic rule, human rights abuse, land-grabbing etc. that have triggered the ongoing Oromia-wide protest do not in themselves constitute the root cause; they are its manifestations. The colonization of Oromia is the root cause for the crisis. Therefore, the aim of ongoing Oromo revolution is, and must be, not only to remove the TPLF regime from power, but go beyond that and achieve independence from the vicious circle of tyranny that has kept our people in bondage for the last 130 year. The Oromo struggle is waged for a just cause. Therefore, the Oromo youth are facing the guns of the TPLF regime holding high the objective of liberating their homeland from colonial occupation. Their cherished aspiration is freedom from subjugation and building an independent state of Oromia. They have no desire of replacing one form of Ethiopian state with another. The uprising is supported by the entire Oromo nation who have been participating in the protests in their tens of thousands all over Oromia. Consequently, the wind of revolution is blowing all over Oromia: the only obstacle standing between the people and the rebirth of free Oromia are the occupying forces of the TPLF regime. The current uprising has refuted many of the misrepresentations of the Oromo which the Ethiopian ruling elite have been using to rule over them. As we have seen during the last eight months, wherever the TPLF-led rule is dismantled, the Oromo have, contradicting the picture of the “chaotic tribes” with which Abyssinian elite have depicted them, been quick in setting up peaceful democratic governance, maintaining law and order and organizing self-rule, based on their centuries-old Gadaa traditions, avoiding breakdown of law without exception. Furthermore, the national consciousness and solidarity reflected in the spontaneous uprising throughout the entire Oromo country, showed that our people are ready to build their own state and control their destiny as an independent nation. It is important to note here that the self-discipline and sense of fairness and justice exhibited by the Oromo towards non-Oromos including the Tigrayans amid the TPLF violence is simply extraordinary. The conduct of our people should win admiration from freedom and peace-loving peoples of the world.
It should also convince international organizations to support the quest of our people for justice and recognize the legitimate demand of the OLF for national self-determination. www.oromoliberationfront.net Email: info@oromoliberationfront.net 2 ADDA BILISUMMAA OROMOO OROMO LIBERATION FRONT 3. Resilience in the face of adversity Although the uprising has proved beyond doubt that the Oromo are a peace loving people, the TPLF has shown consistently that it is the most repressive regime that has ever occupied Oromia. The regime has made it abundantly clear that it will not leave Oromia without bloodshed. It has persecuted peaceful Oromo protestors with utter disregard of all moral considerations and any thought about the long-term danger its actions pose even to the regime itself and its supporters. At the time of writing, eight months after it started in Ginchi on November 12, 2015, the Oromo youth uprising is still going on across the width and breadth of Oromia. The regime continues also with its atrocities against Oromo of all walks of life on an unprecedented scale. In particular, university and high school students are targeted by the police and military forces of the regime, hunted down and shot at with live bullet, beaten, tortured, molested and imprisoned, or summarily dismissed from schools and universities. So far hundreds of students and unknown number of civilians including children under the age of ten, pregnant mothers, and old men and women over seventy have been murdered. Tens of thousands have been arrested and detained, and countless Oromo refugees fled their home country and many have perished in the Sahara desert and the Mediterranean Sea. The aim of the TPLF regime’s atrocities is to create the fear of and acquiescence to its power. The regime thinks by beating, torturing and killing the youth it can kill the aspiration of the Oromo nation. However, the result was the opposite. It showed that no amount of killing, torture, disappearances, displacement or imprisonment will make the Oromo quiescent any more or save the regime from an impending demise. Paranoid of any organised Oromo group, the TPLF regime has labelled peaceful Oromo political activists and leaders of registered political organizations “terrorists” and rounded them and large number of people and imprisoned most of them in concentration camps as all of the country’s prisons are filled. Nevertheless, the Oromo people have remained firm and are demanding freedom or death. Experience from the last twenty-years has taught the Oromo that terrorism is a Woyane (TPLF) character.
That taking lives of Oromo youth with impunity is a vicious method used by the regime with the aim of intimidating the rest of the Oromo population to prolong its political life is well-known and courageously defied. Its Agazi forces have been using their horrible method of punishing and humiliating the Oromo with rape and beating. However, the Oromo have refused to be scared or humiliated. The courage and resilience which our youth have shown under barrages of live bullets fired at them during peaceful demonstration, the house to house search and lethal beatings by the Agazi during the last eight months has become a source of courage to all Oromo and invigorated Oromo revolutionaries and freedom fighters to intensify the struggle. Consequently, the Oromo at home and in the diaspora have risen in unison and reinvigorated resolve to regain their independence. By and large, the shape of a free and liberated Oromia is emerging. www.oromoliberationfront.net Email: info@oromoliberationfront.net 3 ADDA BILISUMMAA OROMOO OROMO LIBERATION FRONT 4. The Woyane regime in disarray The nationwide Oromo revolution that erupted in November 2015 was not anticipated by the TPLF regime. Therefore, the tyrannical regime is unable to cope with the speed, intensity and consistency of the Oromia-wide civil disobedience and mass rallies or supress them in spite of the brutal crackdown exercised by its armed forces, police, and the notorious Agazi Special Forces who have been butchering unarmed children, students, farmers and city dwellers across Oromia. As it is losing its grip not only on power, but sense of sanity, the TPLF regime is becoming increasingly scared and violent without reservation. It has been spending vast public funds including international humanitarian aid on building its killing machines. However, no amount of military armament can prevent its impending demise. It is to be remembered that the number of tanks did not save its predecessors, particularly the Derg regime from an inevitable downfall and international condemnation which had been the fate of dictatorships everywhere in the world. Politically, the TPLF regime is in deep crisis. The unprecedented waves of protests in Oromia has led to a deep mistrust and even fear of its “partner” party in Oromia, the surrogate Oromo People’s Democratic Organization (OPDO). This has led to the division of Oromia into eight military command posts and the imposition of direct marshal rule over it under eight TPLF army generals. Thus, as the repressive system which had maintained its hegemony is irrecoverably debilitated by the sudden volcano of the Oromo uprising, the regime is tittering on the brink of total collapse.
The internal political crisis of the regime is also complicated by diplomatic ones. For the first time, the Oromo struggle for freedom is gaining international recognition. The crimes which the regime has been committing against humanity is exposed by the media and Oromo diaspora to the international community. Furthermore, truthful and detailed documentations of the blatant human rights abuse which the regime has been perpetuating against the Oromo have been made by human rights organisations, including Amnesty International and Human Rights Watch. Members of the international community, particularly the European Union, and governments around the world have, for the first time, shown concern about the Oromo people. Consequently, the Oromo people have started now to feel that the world has not forgotten them. The OLF is immensely grateful for the concern shown by international community. However, press releases expressing “grave concern” about the mass killing of the Oromo by Ethiopian state security forces alone will not persuade a dictatorial regime like the TPLF regime to respect human rights. We urge the UN, the African Union and their member states to put pressure on the TPLF to stop its atrocities against our people. 5. Our stand on Ethiopian political organizations Some Oromo academics and politicians may argue that the naftanya elite view the Oromo as a force for democratizing the Ethiopia-empire state. However, the fact on the ground is the direct opposite. Ethiopian political organizations have never cared to understand the cause of Oromo struggle properly. www.oromoliberationfront.net Email: info@oromoliberationfront.net 4 ADDA BILISUMMAA OROMOO OROMO LIBERATION FRONT However, that does not stop them from prescribing a solution they see fit. This particularly is the position of naftanya political organizations. As reflected in many of the articles produced during the last eight months in reaction to the Oromo uprising, the attitude of the naftanya elite is hostile to the Oromo movement. All kinds of rationalizations are used to deny solidarity to the Oromo. Indirectly, and perhaps unintentionally, their attitude supports the TPLF’s violence against the Oromo. Giving away the Oromo people’s inalienable rights of national self-determination, by yielding to pressure from others, will place the OLF or any other Oromo political organization at odds with the Oromo people since today the Oromo are fully aware of their birth rights and struggling to achieve it. Therefore, on our part we will not allow that Oromo human and material resources be tapped for the promotion of Ethiopian ruling elites’ interests. The Oromo youth are sacrificing their lives to free their natural and human resources from colonial exploitation and rehabilitate the environment that has been destroyed for decades under consecutive Ethiopian regimes.
They want to revive the Oromo culture and language, developed their economy and live with dignity. The victories they have achieved so far and the national independence they are yearning for are not negotiable. We believe that understanding this factual reality will guide Oromo political players. We say that the recognition of Oromo sovereignity, that is to say an independent Oromo state, and the right of our people to their land and its natural resources, is a starting point for a constructive dialogue between Oromo political organizations and any non-Oromo political parties or groups about the future. This is a fact which those who will form a coalition with the Oromo should recognize. The Oromo are a nation that will not be dominated anymore. It is a nation of vibrant youth, of energetic youth full of poets, authors, artists and cultural activists who are fully aware of their rights and strive to put their nation in its right place among the family of nations and states. Needless to say those who are trying to capitalize on the sacrifices paid by the Oromo youth and come back to power and rule the Oromo and exploit their resources are wasting their time. 6. The urgent need to build a national consensus The Oromo unity of purpose is never more required than now. The Oromo people inside and outside Oromia are mustering their resources and intensifying the revolution to hasten the demise of the terrorist regime. The Oromo people, young and old, have totally rejected the Woyane regime. Not only have they rejected the current rule openly, but also denounced the Ethiopianness imposed on them. The Oromo people have spoken in one voice. They demand freedom of Oromia. Different Oromo political and civic organisations should understand the root-cause of the ongoing Oromo revolt and its emancipatory nature as a matter of urgency in order to contribute constructively to its success and the emancipation of our people. It is to be remebered that misinterpretation of the Oromo cause by some quarters within the Oromo national movement has shackled the progress of the national struggle and diminished its success so far. www.oromoliberationfront.net Email: info@oromoliberationfront.net 5 ADDA BILISUMMAA OROMOO OROMO LIBERATION FRONT The goal of the struggle should be articulated crystal clear once and for all to avoid misinterpretation and confusion. We stress the fact that understanding the Oromo popular demand for sovereignty by Oromo political organizations is of paramount importance to make their contributions in the achievement of the objective for which our people have paid immense sacrifices. The long and proud history of the Oromo nation teaches us that our forefathers held conventions to deliberate and legislate on critical national issues known as Tumaa Seeraa at critical junctures.
The long and proud history of the Oromo nation teaches us that our forefathers held conventions to deliberate and legislate on critical national issues known as Tumaa Seeraa at critical junctures. The OLF believes that it is our time, responsibility and obligation to come up with an honest Tumaa Seera Qabsoo right now and work accordingly to determine the future of Oromia. To this send, we intend to initiate an Oromo Convention that should adopt a document of Oromo National Consensus that guides the behaviour of different Oromo political actors in their endeavour to represent the Oromo cause and act in the interest of the Oromo nation at all levels, be it internal or external. The OLF stands ready to play a leading role in organizing such a Convention. Naturally we expect that Oromo scholarly, religious, and civic organizations, elders, as well as all Oromo political organizations will also play a leading role as equal partners, in contributing to the process of organizing and shaping the outcome the Convention. We invite also intellectuals to make their contributions to this effort without reservation, fear or favour. Oromo media organizations are expected to play a significant role for the realization of the Convention as well as holding political actors accountable once a Consensus is adopted. The Convention we envisage will not only produce a clear roadmap that takes our nation to independence, but also provide a much needed code of conduct for Oromo political actors. We believe that once agreed upon and adopted by the majority, the National Consensus will help in devising a transitional structure for Oromo self-governance during the post-Woyane period and beyond. Our action now can have a significant impact on the fate of our nation, and be under no illusion, so does our inaction. Oromia shall be free!
Mootummaa Wayyaanee Qabsoon Gatantarsiifne Kuffisuun Salphaa dha! Kutaa 2ffaa Kutaa tokkoffaa barruu kiyyaa keessatti mallattoolee mootummaan tokko darrachuufi kufuuf dhiyaachuu isaa mul’asu, diigamuu gahuu isaa mirkaneessu isiniif tuqee tooftaa yeroo ammaa mootummaa kana ittiin diiguu dandeenyu immoo kutaa 2ffaa keessatti akkaan isiniif dhiheessu isin beellamee turuun kiyya ni yaadatama. Kutaa 2ffaa kunoo akkumaan jedhe qabadhee isiniif dhihaadheen jira. Garuu dhibaa’uu koof dhiifama isin gaafachaa, hanga xumura barruu kootti na faana bu’aan afeerraa kooti. Akkuma beekkamu qabsoo saba tokkoo kan fiinxa bahiinsa gonfachiisuu danda’u maloota baayyeetu jira. Keessattuu tooftaan yeroo ammaa mootummaa wayyaanee kan qabsoon gatantarsiifne kana ittiin diiguufi kuffisuu dandeenyu walitti qabaan lama. Isaaniis humna hawaasa bal’aa roga tokkoon ijaaruufi humna waraana hidhannoo gama kaaniin walitti qindeessuun qabsoo haftee hin qabne gaggeessuun injifannoo cululuqaa galmeessuun danda’ama. Tooftaan kun lamaan walitti qabaan malee bifa bittinnaa’aan ykn adda addaan fiigee kan bu’aa guddaafi saffisaa galmeessisuu danda’uu miti. Haatahuu malee gara qabsoo hidhannootti seenuu dura humna hawaasa bal’aafi qabsoof dugugguruu duuydaa tahe bifa qindoomina qabuun bocanii gara warraaqsa qabsootti naquuf qopheessuun gaariidha. Yeroo ammaa hawaasni keenya sadarkaa gara qabsootti naquu kana ofumaaf irra gahee jira. Haatahuu malee ammallee waan nuuf hafuutu jira. Mee hundaafuu tokko tokkoon dhilliyyinee haa laallu. 1) HUMNA HAWAASAA BAL’AA QABSOOF JABEESSUUFI CIMSUU. Tooftaan kun geengoo bal’aa fi qabsoo kamiifuu dugugguruu duuydaa kan tahee dha.
Qabsoon hawaasa guutuu hin hirmaachifne immoo okkoltuu dha. Akkuma beekkamu qabsoon ummanni keenya yeroo ammaa gaggeessaa jiru guututti hirmaannaa hawaasaa irratti kan hundaa’e tahuus kutaa hawaasaa mara bifa wal fakkaataan kan hirmaachise akka hin tahin beekkamaa dha. Qabsoon harka duwwaa fi bifa bittinaawaan hawaasa qofaan godhamaa ture kun injifannoo danuu galmeessisuu danda’ee jira. Haatahuu malee injifannoon baayyeen galmaa’anillee hanqinoonni tokko tokko keessattuu humna hawaasa bal’aa bifa wal fakkaatuun dammaqsuufi hirmaachisuu irratti ni mul’ata. Hanqina kana furuuf haala itti hawaasa keenyaa bifa wal fakkaataan hiriirsinu gad fageenyaan beekuu qabna. Sochii keenya gad jabeessinee iddoolee mara dammaqsuutu nurra jiraata. Kana tahuu baannaan immoo humni hawaasa keenya gargar faca’uun kun tirachuu imala injifannoo, laamsha’uu akeekaa akkasumaas deemsa dheeraa keessa kufaatiin qabsoo akka nu mudatu taasisa. Kanaaf hawaasa keenya fiinxaa fiinxatti bifa wal fakkaataafi si’aa’ina qabuun dammaqsinee qabsotti galchuun injifannoo keenya saffisuuf nu gargaara. Tooftaan hirmaannaa hawaasa guutuu gara qabsoo dabaluu nu dandeessisuufi nu gargaaru keessaa: 1.1) Hirmaannaa Hawaasaa Bal’aa Daran cimsuu: • Namoota hawaasa bal’aa keessa jiraataniifi amaloota salphatti hawaasaan waliif galuu qaban, kan hawaasa mariisisee amansiisuu danda’an, kanneen qabeenyaafi humna diinagdee qaban, kan dhageettiin isaanii hawaasa biratti ol aanaa tahan hirmaachisuun gara qabsootti galchuun, hirmaannaa isaanii roga maraan dabaluun dirqama. Manguddoota, dubartoota, dargaggoota, sheekkoota, luboota, qeessoota, imaamootaafi kkf warra dhiigaan Oromoo tahaniifi miidhama Oromootiif quuqaman mara akkaataa itti gama warraaqsa qabsoo Oromoo bal’inaan fiduun danda’amu irratti bifa iccitaawaan hojjachuun gaarii dha.
• Bu’urri sabaa maatii waan taheef qabsoon sabaatiis mana irraa gad jalqabdi. Mana manatti miseensoota maatii irraa jalqabuun kan Oromoo tahe marti gumaata qabsoo keessatti roga danda’uun akka hirmaatan taasisuun gaariidha. Yeroo ammaa namni tokko sadarkaa maatiitti kan hin baratin waan jiru natti hin fakkaatu. Kanaaf namuu sadarkaa maatiitti mana isaanii keessatti abbaafi haadha isaa irraa jalqabuun maatii isaa kan umriin deeggarsa qabsoo godhuu malu keessa jiran mara dhimma kanaaf mariisuufi amansiisuu qaba. Barbaachisummaa qabsoo Oromoo irratti ilaalcha isaanii gabbisuu, miidhaaleefi shira mootummaa wayyaanee guddisee itti agarsiisuun onnachiisuu danda’uu qaba. Tooftaan baayyeen miidhaa diinaaf kan nu saaxilu tahullee maatiin tokko hangamuu yoo hammaate dabarsee alagaaf wal hin kennu. Kanaaf tooftaan maatii ofii irraa hojjachuu jalqabuu kun qaawa balaa diinaatiif nu saaxilu illee kan nurraa duuchuu dha. Kanaaf tooftaan kun qabsoo keenyaaf hedduu barbaachisaa waan taheef itti fayyadamuu qabna. • Warraaqsi Oromoo ji’oota sagaliif finiine kun kutaalee Oromiyaa harka caalu keessatti kan gaggeeffamaa tureefi jiru yoo tahu iddoolee muraasa keessatti immoo ammallee rincicaatu mul’ata. Yeroo ammaa garri tokko ka’ee garri kaan riphisuun kun immoo warraaqsa qabsoo ummanni Oromoo mirga isaatiif taasisaa jiru kana buburreeysuufi humna gargar bittinneessuun akkasumaas sagalee keenya xiqqeessuun injifannoo guutuu silaa salphatti gonfachuu dandeenyu nu duraa dhibeeysa. Kanaaf, godinoota, Onoota, magaalootaafi gandoota fincilli keessatti ukkaamamee jiru irratti hojjachuun, kaka’uumsa keessatti uumuun, tokkoon tokkoo ilmaan Oromoo roga hundaan bifa wal fakkaataafi si’aa’ina qabuun kakaasuun warraaqsaaf hiriirsinee Oromiyaa guutuu keessatti ibiddi diddaa akka wajiijamu godhuun gaarii dha.
1.2. Hawaasa Oromoo Sadarka Sadarkaan Ijaaruu: Hojiin kamiyyuu keessattuu warraaqsi qabsoo hawaasa diigameefi faca’aa qofaan deeggaramee galma barbaadamu san gahuu ni danda’a jedhanii eeguun rakkisaa dha. Akkuma bishaan guddaan yoo gargar faffaca’e kullooda gangalchuu hin dandeenye san hawaasni bal’aafi guddaan fedhe yoo hin jaaramne tahe warraaqsa isaa hangamuu finiinsuus dibaa gabrummaa gangalchee injifannoo barbaadu fiduu danda’uu keessatti karaan itti dheerata. Yeroofi bakka barbaadutti injifannoo fiduuf immoo jaarmaya mataa walitti qabu qabaachuun dirqama. Karoorafi sagantaa waytaawaa hojiirra oolma mirkaneessu baafachuun raawwii bu’aa hojichaas kan faana bu’u yoo hin qabaanne warraaqsi bittinnaa’insaafi qisaasa’ina baayy’ata. Kanaaf, qisaasamaafi dhibaa’iinsa injifannoo warraaqsa qabsoo keenya irratti amma mudachaa jiruufi fuul-duraas nu qunnamuu malu kana hambisuuf immoo karoora giddugaleessa baafachuu nu barbaachisa. Yoo karoora hin qabaanne hojiin kamilleen walitti fufiinsaan adeemsa eeggachaa deemuufi sirnaan hojjatamuu hin danda’u. Hojii mara karooraafi sagantaan deeggaruuf immoo ijaarsi hawaasa tuuttoo walitti qabu jiraachuu qaba jennee jirra. Jaarmayni yoo hin jiraanne immoo karoora baafachuus tahee sagantaan hojiirra oolma karoorichaa eeganii bu’aa argamuus madaaluun hin danda’amu. Keessattuu yeroo amma qabsoon Oromoo sadarkaa ol aanaafi finiinaa irra jira. Sadarkaa amma irra jiru kanatti dirqama karoora bal’aafi hunda galeessa adeemsa ammaan boodaa jiru tilmaamuufi warraaqsa kana haala hoo’aafi hunda hirmaachiseen itti fufiinsu barbaachisa. Kanaaf, warraaqsa keenya fuuldura akka furgifamu godhuufi deemsa warraaqsa keenyaa hordofuufiis tahee bu’aa argamu madaaluuf kan nu dandeessisu yoo jaarmaya qabaanne qofa waan taheef karoora ijaarsa hawaasaa cimsu baafachuun yeroo gabaabatti hawaasa sadarka sadarkaan ijaaruun dirqama.
Eenyuutu ijaara jechuuf immoo kanuma bayyanatee miidhaa saba isaarra gahaa jiru kana jibbu maraan kan ijaaramuu dha. Hawaasni hin ijaaramne wal dhageettiifi quba wal qabaatiinsi isaa dhibaawaadha. Kanaaf hiriyyummaa, walitti dhiheenyaafi firummaafi ollummaan wal ijaaruu haa jalqabnuu. 1.3. Jaarmalee Hawaasummaa Adda Addaa Gara Warraaqsaa Galchuu. Akkuma beekkamu hawaasni tokko sadarkaa adda addaatti haala jireenyaa, hawaasummaa, diinagdee, aadeeffata, amantaafi siyaasummaa isaa gaggeeffachaa jiraata. Keessattuu sabni Oromoo dur osoo sirni gadaa isaa hin diigamin dura ijaarsi isaa kan waan mara keessatti gaggeeffatu ture. Ijaarsi sirna gadaa kan sadarkaa umriitiin addaan qoqqoodamee jiru waan taheef silaa yeroo ammaa kana jiraate hedduu barbaachisa ture. Yeroo dur gaafa sirni gadaa qulqulluun turetti ummanni Oromoo guutuun amantaa, aadaa, siyaasaa, bulchiinsa, jaarmayafi kkf mara iddoo tokkotti qabachaa waan tureef diigamiinsi hagas mara hin hammaatu ture. Hawaasni ijaaramee jiru roga qabsoofi warraaqsaatti galchuufiis nama hin rakkisu ture. Haatahuu garuu arra san marti sababa adda addaatiin waan buburraa’eef dhaabbiileen hawaasummaa geengoo takka keessa hin jiran. Sabni Oromoo yeroo ammaa amantaa, siyaasaa, hawaasummaafi diinagdee adda addaa keessa kan jiraatu tahullee, ilaalchoota biraa wal fakkaataa qabaachuu baataniis Oromummaa irratti ilaalcha walitti dhihoo qabaachuun beekkamaa dha. Kanaaf kan oromoo tahee jaarmaya hawaasummaa, diinagdee fi siyaasaa fedhe keessa jiru haaluma keessa jiruun gama warraaqsa qabsoo Oromoo fiduun amna galma ga’iinsa keenyaa baayyee saffisa. Jaaramaya waliin jireenya hawaasummaa gaggeeffatan keessaa humnaafi dhageettii guddaa kan qaban kan akka afooshaa (iddirii), walda’oota amantii, gareelee hojii fi kkf guuza qabsoo akka tahan mari’achiisuun deeggarsa isaan irraa barbaachisu roga hundaan akka godhan taasisuun barbaachisaa dha.
Ilmaan Oromoo waldaaleefi dhaabbiilee amantaa, diinagdeefi hawaasummaa keessa jiran mara gara qabsoo dabaluun humna warraaqsa keenyaa guddisuu qofaaf osoo hin taane fuul-duree Oromiyaatiif murteessummaan isaa guddaadha. Amantiin, ilaalchaafi falaasamaan garagara taanuus nuti ilmaan Oromoo dhiiga Oromummaatiin tokko. Dhiiga Oromummaa waliin qabnu kana bu’ura godhannee tokkummaan qabsoo Oromoo finiinsuun salphatti injifannoo guddaa galmeessuun akka danda’amu diinatti garsiisuufi qaama gamtummaa Oromoo facaasutti gammadu mara hamilee cabsuun barbaachisaa dha. Gama dhaabbiilee amantaa waliin wal qabatee sochiin dhaabbanni amantaa garagaraa barana godhan fakkeenya gaariidha. Keessattuu sochiin hawaasni Oromoo muslimaafi kiristaanaa sabboonummaafi adeemsa amantaa isaanii haala hin faalleessineen naannoolee muraasatti yeroo garagaraa taasisaan humna warraaqsaa tahuun bu’aan galmeessisee guddaadha. Muuxannoolee sochii akkanaa roga hundatti babsl’isuun, dhaabbiilee mara qabsoof hirmaachisuun gaariidha. 1.4. Qaama Mootummaafi Hayyoota Oromoo qabsotti makuu. A) Hojjattoota Mootummaa (Civil Servant) Qabsotti Fiduu. Akkuma beekkamu hojjattoonni manneen hojii mootummaa keessatti qacaramanii hojjatan humna mootummaa diddiiguufi qabsoo hawaasaan godhamu finiinsuu keessatti shoora guddaa taphatu. Qabsoo hanga ammaa hawaasa Oromoon godhamaa tureefi bu’aa guddaa galmeessise kana keessattiis gaheen hojjattoonni mootummaa sadarkaa gadii irraa hanga oliitti gumaachaniis baayyee gaariidha. Odeeffannoo iccitaawaa dabarsanii kennuu irraa jalqabee hanga ragaalee qaama bulchiisa wayyaanee ol aanaa baasuu, xalayaa qoruumsa biyyooleessa kutaa 12ffaa dabalatee odeeffannoo biraas aktiivestoota#Oromoprotests‘iif kan dabarsaa turan qaamuma mootummaa kana keessa hojjachaa jiran akka tahe beekkamaa dha.
Barsiisoota, bakka bu’oota ummataa, ogeeyyii fayyaa, qaama seeraatiifi ogeeyyoota ogummaa adda addaan mootummaa kana keessatti qacaramanii hojjachaa jiran kun ammaas tahee fuulduraas sirritti Oromoofi Oromiyaafiis kan barbaachisan waan taheef maxxanfachuu, hariiroo jabaafi hidhata cimaa waliin uumuun gumaacha isaanii akka dabalan taasisuun qooda qabsoo guddisuun humna humna mootummaa kanaa dhawanii akka caaseeffama isaa diigan godhuun gaarii dha. Hirmaannaa sadarkaa gadiitii hanga qaama ol’aanaatti hojjattoonni mootummaa kun warraaqsa qabsoof taasisan kana irraa ka’uun wayyaaneen ragaa qabatama malee shakkii qofaan kumaatama hojii irraa ari’uun beekkamaa dha. Gara adeemsa qabsoo kanatti akka hin dhufnees uggura addaatiin daangawaa jiran. Daangaaleen kun immoo caccaphuu qaba. Hojjattoota mootummaafi ogeeyyoota akkasumaas caasaalee araddaafi kaabinoota aanaa dabalatee hanga hoggantoota Oromiyaatti sabboontoonni warraaqsa qabsoo keessa kallattiifi alkallattiiniis hirmaachaa turaniifi ammaas itti jiran haa jiraatan malee garuu muraasa. Keessattuu sadarkaa caasaalee gadiitti kan wayyaaneen aangeeffaman Oromiyaa keessatti Oromo waan tahaniif irratti hojjatanii gara qabsoo fiduun ni danda’ama. Isaan kun of wallaaluuniis tahee hubannoo dhabaan kallattiin ummatarra miidhaa geessisuu kan dandahan waan taheef irratti hojjatamnaan sababni warraaqsa qabsootiif tumsa hin taaneef hin jiru. Gama biraatiin immoo shakkii garagaraan wayyaaneen hojjattoota sabboonummaa calaqqisaniifi gaaffii mirgaa gaafatan mara walitti qabaan akeekkachiisaa jirti. Inniis haa akeekkachiisuu, hojiirraahiis haa gaggeessuu nuti gara qabsoo keenyaa fiduu danda’uutu nurra jiraata. Hanga ammaa qaamni gahuumsaan irratti hojjatu waan hin jirreef bifa wal fakkaataa fi itti fufiinsa qabuun gumaanni hojjattoonni kun qabsoof laatan hanga barbaadamu sanii gadi. Kanaaf akka ofitti amantummaan humna isaanii jabeeffatanii qabsoof wareegama barbaachisu kafalan godhuuf tinnisa yaadaafi qalbii laachuufiin gaariidha.
B) Ilmaan Oromoo Qawwee Hidhatanii Wayyaanee Tajaajilaa Jiran Gara Warraaqsaa Fiduu. Dhalootaan Oromoo tahanii kan humna waraanaa keessatti hirmaatanii qawwee alagaa ba’atanii mootummaa wayyaanee tajaajilaa jiran baayyeedha. Bakka guddaafi ol’aanaa qulfii taate irra tahuu hin baddin malee milishaa araddaa, humna eeggataa, humna furgaatuu, poolisii Oromiyaa, poolisii addaa (liyyuu poolisii), poolisii federaalaa, kora bittinneessaa, raayyaa ittisa biyyaafi kkf keessatti hirmaachuun shiraa wayyaaneen ilmaan Oromoo irratti wixineessitu raawwachuuf kan ajajaman keessaa ilmaan Oromoo hin dhabaman. Muraasni isaani shira wayyaanee kana kan didaniifi morman tahullee humni ibidda harkaa qabufi qabsoo Oromoof murteessaa tahe kun harki caalu sababa adda addaatiin tumsa alagaa tahuun qabsoo teenyaa irraa daangawani jiru. Gariin hubannaa dhabuun, garii immoo tarsiimo sobaa diinni dhuubee obaase fudhachuun, kaan dhiibbaa ajajoota isaanii irraa itti godhamuun, gariin maal na dhibeefi danta dhabummaan golgamanii quuqama sabummaa keessa bahuun, gariin immoo eega takka tarsiimoo alagaatiin najifamne warraaqsi qabso Oromoo kuniis nun fudhatu shakki jedhuun xaxamani warraaqsa irraa moggaa dhaabachaa jiran. Isaan kanaafi kana fakkaatan warra humna dhabuun qawwee harkaa qaban gara saba isaani deebisanii jiran kana irratti hojjachun afaan qawwee gara diinaa akka deebisan tahuu baannan ilmaan sabaa irratti osoo hin tahin akka lafatti gad qaban godhuun dirqama. Iddoo takka takkatti sabboontoonni Oromoo poolisii Oromiyaa fi federaalaa keessa jiran afaan qawwee gara diinaa deebisuu baatanillee ajaja wayyaaneetiin rasaasa obboleewwan isaanii irratti dhukaasuu didanii lubbuu qeerroo hedduu eewalanii hojii gaarii hojjataniis ni jiran. Haatahuu malee sababa kanarraa ka’uun ijoollee Oromoo hojii irraa dhaabuun waraana Agaazii jedhamu, humna amanamaa wayyaanee kan ijoollee Tigraay qofa irraa ijaarameefi waardiyaa TPLF tahe Oromiyatti bobbaase mootummaan.
Oromiyaan eega humna waraanaa kana jalatti buluuf dirqamte booda ilmaan Oromoo irratti duguugaa sanyii hamaa raawwachuun lubbuu oromoota qulqulluu 500 ol macalaasan. Kanaaf nuti immoo ilmaan Oromoo qawwee alagaa baadhan kana daran irratti hojjachuu nu barbaachisa. Oromoo tahanii kan qawwee alagaa harkaa qaban kun yoo irratti hojjatanii sabboonummaa isaanii guddisaniif sababni gara keenya hin deebineef tokkolleen hin jiraatu. Jarri kun yoo gara keenya deebi’an warraaqsa ammaa qofaaf osoo hin taane abdii fuula duraatiif illee akka nu barbaachisan beekuun salphaadha. Kanaaf nutiis bifa tarsiimawaafi siyaasawaan balbala teenya banaa godhuun isaan ofitti harkisuu qabna. Keessattuu sabboontoota qoraan ibbidda alagaa dirqiin ba’atanii jiran kanaan hariiroo wal quba qabeenya keenya cimsuun hin hammaatu. C) Hayyoota Oromoo Baayyinaan Qabsotti Fiduu. Qabsoon hayyoota saba ofii hin dabalanne gaaga’ama baayy’atti. Gama biraatiin beektoonni saba keessaa bahaniif roga barbaachisuun tinnisa yaadaafi qalbii yoo hin gumaachine qabsoon tirachuu qofa osoo hin taane injifannooniis ni qancarti. Keessattuu immoo hayyoonni keenya, beektoonni Oromoo irra baayyeen durii hanga ammaa qabsoo irraa moggaa dhaabbatanii akkuma qaama biraa mudhii qabatanii qabsoo sabaa akka diraamaatti daawwatu. Kun immoo gaarii miti. Hubadha! Hayyoota hunda jechuu koo miti. Harka caalu jechuu kiyya malee. Oromoon hayyoota hin dhabne. Hayyoota sabaa danuu qabna. Hayyoonni Oromoo gurguddaafi ciccimoon addunyaafuu gahu kan biyya keessaas tahee biyyoota alaa jiraatan harki caalu garuu saba quba hin qaban yoon jedhe dhaadheessuu natti hin fakkaatu. “Wallaalaan nutti kolfee, beekaan beekumsaan nu fure” jedhe Dr. Ali Birraan, walaloo Dr. Gammachuun barreesseen. Dhugaadha!
Kan beekuumsaan saba furuu danda’u beekaa dha. Garuu beektoonni keenya kan geengoo warraaqsa Oromoo keessa jiran lakkoofsa qubaati. Kanaaf maali rakkoon hayyoota keenya baayyee durii hanga ammaa qabsoo irraa moggatti dhiibe, isaaniitu nurraa qoorrifate moo nuutu jala deemuu dide laata? jennee of gaafachuutu nurra jiraata. Akeeka keenya fuul-duraatiifiis tahee warraaqsa qabsoo keenya arraatiif hayyoonni keenya nu barbaachisan. Isaan furtuu furmaata rakkoo maraati. Beektoonni keenya qoricha dhibeewwan keenyaati. Doktoroota wal’aansa keessoo Oromooti. Hanguma isaan nu irraa qoorrifatan injifannoon teenyaas fagaachaa deemti. Hanguma nuti isaan maxxanfachuu barbaannu, isaaniis nutti maxxanuuf fedhii qabaachuun barbaachisaa dha. Kanaafuu, nutiis isaanitti siqnee mala rakkoo keenya itti furannu baafannee hayyoota keenya haa iyyaafannu. Hayyoonni keenya immoo akka qaama sadaffaatti qabsoo Oromoo irraa handaaratti bahanii daawwachuu osoo hin taane, saba isaanii kan gabrummaan waggaa danuu mudhursite kanaaf dafanii fala laachuuf qophaa’oo tahuu qaban. Ummata bal’aa cittoon gabrummaa burreeysite kanaaf qoricha bilisummaa heesabuu qaban. Iyyaafannaa qaama biraa irraa eeggachuu osoo hin taane, afeerraa jaarmayoota siyaasaa irraa osoo hin kajeelle saba kanaaf qarayyoo ijaa tahuu hubatanii iyyeensa keenyaaf dirmachuu qaban. Nutiis kabajaafi tajaajila isaaniin malu laachuufii nurraa eegama. “Sa’aa mucha jallaa abbaatu akka itti elmatu beeka” akkuma jedhamu san nurraa dheeysan jennee hayyoota keenya komachuufi irraa fagaachuu osoo hin taane hooysinee, dhidhiibnee copha beekkumsa isaanii irraa conachuu qabna. Yoo qaawa nuu fi hayyoota keenya jidduun qilleensa nutti naqu kana hin duuchine yoomillee bohara bilisummaa argannee hawwii keenya dhugoomsuu hin dandeenyu.
Yoo qaawa nuu fi hayyoota keenya jidduun qilleensa nutti naqu kana hin duuchine yoomillee bohara bilisummaa argannee hawwii keenya dhugoomsuu hin dandeenyu. Nuti dhaloonni qubee kuniis hunda ni beeyna, ni beeynaa tana xiqqeeffannee hayyoota keenya irratti xiyyeeffannee waan beekan irraa guduunfachuuf qandii teenya bal’ifachuutu nurraa eegama. Sabni hayyuu isaa hin qabanne, kan beekaa isaa irraa hin baranne, kan goota isaa jala hin deemte, kan eenyummaa isaa hin kabajne, kan wallaalaa isaa hin barsiifne, kan gowwaa isaa hin gorfanne… yoomillee saba injifatu hin tahu. Sabni wal hin qabne daandii jireenyaa irra imalee amna hin xumuru. Hangam saffisaan tarkaanfatuus deemee bakka hawwe hin gahu. Osoo walakkaa karaa hin geenye meelatee karatti hafa waan taheef, hayyoonni keenyaas haa dirmatanii, nutiis hayyoota keenya qabsoof haa dirmachiifnu. Arraaf hangana eegaan jedhe waan hafe kutaa itti aanu keessatti eeggadhaa. Waan na faana turtaniif galatoomaa. =Itti Fufa= “Waliin gabroomne waliin bilisoomnaas!” Saphaloo Kadiir | Abdulbasit Adooleessa 2016
#Oromo Protests Qeerroon Arsii Lixaa hiriira mormii sambata duraa (sabtii) dhufuuf haala kanaan wal-qindeessaa jiru. Kun akkuma fakkeenya faana-dhayaati (roadmap) malee akkuma barbaachisuun fooyya’uu ykn ammoo jijiiramuu ni danda’a. Dhaamsi jabaan garuu Qeerroon naannolee biraa Oromiyaa keessa jirtan hiriira keessan karoorfachuuf ka’umsa akka isiniif ta’u jechuudhafi. _____ Mormii kara nagaaya kana kessati haala kamiin gurmayuu qabna? Haala Kamiin fulduraati deemuu dandeena? Haali nanoo keena maali fakataa jedhaani mari’achuuf kara gurmayinisi itti deemu qabuu irrati marii gageesuunif lafaa irrraaf assi midiyaa hawaasa irrati mari’achuun barbachisadhaa. Haluuma kanaan, Mormii sanbata duraa dhufuu kana galmaan gayuuf lakkoofsi nama hirmaatu lakkoofsa woraana (polisi) mootummaan hirmachisuu danda’un olli ta’uu qaba. Kanaaf, lakkoofsi humnaa egdoo isaan hirmachisuu danda’an kan fulduraati tilmaaman keennu ta’ee lakkoofsi ummaataa akkamitti baayi’atu qabaa kan jedhuu irrati fakkena godinaa Arsi lixaa godhachuudhaan akka armaan gadiiti dhiyeessineerra waan ta’eef kan naannoo biraa akkamiti akkaa ta’uu qabuu Qeerroon hundinuu irrati hojjachatani haalaa karoorfachuufi of-qindeessuu qabu. Karoora Qeerroo Arsii Lixaa kana fakkeenyaaf ilaalaa: Shashamannee Humni egdoo fedaralaaf kan naannoo bayi’een iddoo itti egumsaa bayi’isu keessa shashamaneen isii duraa yoo tatuu kana jala darbuuf humnaa eguumsaaf ya’ee kana iddoo akkaata bayi’inaa Gandaasanitiin humnaa egdoof ya’ee kana iddoo 10 (kudhaaniti) kutuudhaa. Humnii iddoo kudhaan jiruu hundinuu gara walakkaa magaala (jechuun Abboostoo) gayuudhaaf tattaaffii godhuu qaba.
Humnii dabaalata naannoole baadiyaaf magaalota naannoo sani jiraan irraa gara shashamannee tasgabbiidhaan socho’uudhaan sirbaa galuu qaba. Fknf Kuyyaraa irraa warrii karaa Awaasa jiruu Gandootin Abaroof kan kanaa fakkatan hundinuu gara shashamannee deemuu qaba kanaaf humna mootummaan eddodhaaf gadidhisee jalaa darbuuf yoo dandeene miliqnee yoo dadhabnee humnaa bayi’ifanee karaa dandeenuun dhitnee darbuudhaan Aboostoti waligeenna. Kana booda dhadanoo adda addaa dhageesisaa karaa guddaa qabaanee gara Hawasaa deemne yoo Didilaa ykn Telle geene jennu gara duwwaa Afurii Oli garagaluudhaan Ammas karaa guddaa qabannee hangaa Nooki ykn Dhabni (statue) Shaashee jiru deemnee kan sirbuu sirbee kan mari’atu garee gareedhaan mari’atee waada qabsoo waliif seennee Addaan deemnaa wadaan kunis: “Hangaa Mirgii Ummata Oromoo Guutuun Guutuutti Kabajamuutti kan duunee duunee kan hafnee falmii keenna itti fufnaa nutii mana manatii dhalaanuus ilmaan abbaa tokkoti waan taneef worroota qabsoo keenna keessati woreegamaan yeroo hundaa ni yadaana seena isaantis guyyaa bilisuummaa keennati nii barreesina, dutii hin oltuu garuu du’aa kabajaa qabuu ykn jiruu kabaja qabuu jirachuudhaaf kutanee ni kana kan jedhuuf ebba mangudoo ta’aa.” Dodolaa Hiririi kan jalqabuu gandoota sadiin kessayuu yoo ta’uu kan iddoon hundayuu garaa walakkaa magaala ykn nanoo Bankii Daldaala Itiyoophiyaa dhufuudha kayoon isaa. Magaaloonni Xixiqoon akka Eddoo fi wabee ammoo waliti dabalamuudhaan garaa Dodoola dhufaan jechuudha. Warii magaala Heraroof gandoon badiyaa kataa barandaa, Baqaa buraa fi kan kana fakkatuu Heraarootti waligayee garaa Dodoolaa dhadanoodhaan osoo deemee irra filatamaa warraa magaala Dodoolatiif humnaa waan ta’uuf Jechaa.
Akkasumaas magaaloon akka Kokoosa osoo worraa Dodoolatiif reebuu bataani irraa filatamadha. Nanoon Kun hangaa Allumaa shifaati guyyoota gabaati ummata sochoosuu akka hin irraanfanee. Kanaaf, Dodoolati waligayuudhaan Karaa irraa olligadii deemudhaan dhadanoo dhageesisuun hangaa sa’aa 7 turee wadaa Asiin olitti barraayee kanaa wallii gallaati jenee Addaan deemuun barbachisaadhaa. Adabaa Nanoon Kun Addabaati kan waligayuu haata’uu malee lajoo irraa jalqabee, hunxee, Woshaa, buraacalee, bubisaa, gamaa,…waluumaa galati gandoota badiyaa nanoo sani jiraan keessa bayuudhaan Addaaba dhufuu qabaa guyyanis guyyya gabaa waan ta’eef ummata miliyoona 2 olli ta’uu akka bayuu gochuudhaan humnoota motumaa harkaa 10 caale argamuudhaan barnoota barbachisaa ta’ee waliif dabarsuu qabaa. Akasumaas wadaa qabsoo waliif seene adaan deemuun dirqamaa. Hasasa Nanoo kunis nanoo bayee baldhaa waan ta’eef hangaa danda’ameen warii xijoo weqanaxraaf nageele irraa walitii dabalamee garaa hasaasa ossoo dhufee bayi’ee barbachisadhaa. Kunis nanoolee badiyaa kan achiti dhiyoo jiraan irraa kan danda’ee fardaan kun lukaan akka dhadanoo dhageesisaa garaa magaala Hasaasa galuu. Kofalee Umaan keena kan nanoo kanaafi gandoota badiyaa nanoo kanaa jiraani hundinuu hidhanoo issaan ossoo hin hikanee akka magaala Kofalee ganamaa sa’aa sadihiiti seenani. Magaalon akka qoreef kan biroos magaala kofaleetifi humnaa ta’uu qabdaan jechuudha yeroo seentan adaan citaan ossoo hin tanee humnaa tokkoo tataan dhadanoo dhageesisaa dhufuun dirqama ta’aa. Kanaaf waan umamuu waan hin beekamneef hidhaanoo kessani hikachuun hin barbachisuu (waan adda kessan ta’eef hidhanoo kessan qabadaa garuu hangaa wantii ruhii kessanif sodachisuu issiniti dhufuuti akka hin dhukaafne).
Humnaa cimaa ta’uudhaaf ammoo waliti iyyachuuf birmachuun barbachisadhaa. Ajee Naannoon kun naannoo akka shallaaf siraroo qabatee iddoo walakeesaati waligayudhaan dhadanoo offi dhageesisuu qabaa kun iddoo bayi’ee barbachisaa (strategic) waan ta’eef humni kun gadii bayuun bayi’ee barbachisadha. Arsii Nageele Kunisi nanoo akka jigisee irraa jalqabee nanoo badiyaaf gandoota magaala hundaa irraa waliti dhufuu qabaa. Kanaa jechuun ummani humnaa waliif ta’ee humnaa motumaan hirmachisuu yoo xiqaatee harkaa 10nin taruu qabaa kanaaf walisochoosuun dirqamaaf hojii gudaa ta’uu qabaa. Hubanoo walii galaa -Yoo humnii motuuman basee rakkoo ummuuf yaalil godha ta’ee, karaa cufuun barbachisadhaa yoo issaan nagayaan kan ilalan ta’ee karaa cufuun barbachisaa miti. -Iddoon morimiin jaliqabuu gandoota maraa keessa ta’ee iddoo maraa irrayuu garaa walakeesa (center) tokkooti dhufuun barbachisadhaa kanaaf akka nugargaruu garee gareedhaan (xiqatuu nama shaniini) banee ummani akka guyya saniti ya’uuf sochoosuun barbachisadhaa. -Aktivistoon cicimoon target keessa akka hin seeneef iddooma tokkoo iyyaa waliti ya’uun barbachisaadhaa. Kanaa malees dhadanoo yeroo tokko jedhuun akitivistota bararuuf yeroo birootif itti fayadamuuf nugargara. -Masgidoota, Bataskanootaaf iddoo gabaaf gandoota hundaa kessati tarsimoo kanaa irrati hojachuun barbachisaadha. -Kan Naannoo birroos akkanati bafataan akka beekisfataan barbachisadhaa. -wadaawaligala “Hangaa Mirgii Ummata Oromoo Guutuun Guutuutti Kabajamuutti kan duunee duunee kan hafnee falmii keenna itti fufnaa nutii mana manatii dhalaanuus ilmaan abbaa tokkoti waan taaneef worroota qabsoo keenna kessati woreegamaan yeroo hundaa ni yadaanna seena isaanitis guyyaa bilisuummaa keennati ni barreesina, dutii hin oltuu garuu du’aa kabajaa qabuu ykn jiruu kabaja qabuu jirachuudhaaf kutanee ni kana” kan jedhuuf ebba manguddoo ta’a.
-wadaawaligala “Hangaa Mirgii Ummata Oromoo Guutuun Guutuutti Kabajamuutti kan duunee duunee kan hafnee falmii keenna itti fufnaa nutii mana manatii dhalaanuus ilmaan abbaa tokkoti waan taaneef worroota qabsoo keenna kessati woreegamaan yeroo hundaa ni yadaanna seena isaanitis guyyaa bilisuummaa keennati ni barreesina, dutii hin oltuu garuu du’aa kabajaa qabuu ykn jiruu kabaja qabuu jirachuudhaaf kutanee ni kana” kan jedhuuf ebba manguddoo ta’a.
Oromoo Somalilandii keessatti baqatanni jiraatan irraa The Oromo community in Somaliland faces major crack down after public anger over many incidents. Today Oromo held a secret meeting in a hall in Hargeisa. It is not clear how and who printed them these flags. Somaliland is naturally opposed to many secessionist groups in Ethiopia including OLF, ONLF and any “Oromia Republic” mantra. I believe Woyane Gov and SL Gov intelligence will now hunt down these individuals (secret Oromo cell). Like Habesha society, Somaliland does not want any Oromia state in the region. Oromo lay claim to lots of things, territories and hold past resentments. Lifting the lead on such is very dangerous matter but there has to be way to keep Oromo in Ethiopia without endangering Habesha society or establishment. Can you imagine if this hall became 1000 next year? and the year following 5000? We know from past history how Oromo multiplied on Habesha land. Indeed this cell must be disrupted and destroyed. Read Oromo condition’s in Somaliland in Afaan Oromoo below: Nagaan jalqabuu dhaan nuti ilmaan Oromoo kanneen Somaalii Laandii keessatti baqannee jiraannu. Erga hiriirri Diddaa Gabrummaa fi farra Maaster Pilaanii Finfinnee cimee itti fufee kaasee mootummeen maxxantuun Soomaalii Laandii qajeelfama adda addaa kan Wayyaaneerraa itti laatamuun ummata Oromoo haalaan dararaa jiran. Kuniis ragaan duraa yeroo gaagaámaa kanatti raafa labsanii namoota qaqqaba biyyatti kandeebisan rakkisuu. Keessaahuu namoota barbaadan reebuu faadha hojjattan. Kana yemmuu hojjetan ummanni biyyaa harka itti hin naqanne ture. Kuni ammoo mootummoota lamaaniif salphina tahee itti mul’ate. Keessaahuu mootummaan Wayyaanee guyyaa Tigroota warra huccuu meeshatti jijjiiru biiti guutuun itti kaatee ofirraa arihanii kaasee Qonsilichi Jen/Barihee Tesyfaye fi Koloneelonni Isaa Faltii Dibaman. Ummataa fi Qondaalonni Diin Islaam Funyaan Isaanirraa qabatan. Isaanis of keessa deebiánii jarattii koomunitii Ogadeen, Oromoo, Warra Kibbaa fi Amaaraa irratti raarii bahan. Hanga Tigroonni arrabsamanii tumamanii arihaman maal hojjattan.
Hanga Tigroonni arrabsamanii tumamanii arihaman maal hojjattan. Lammii qulqulluun akka isaanii akka hin jirree hin beektanii jedheeti Jen/Bariheen isaanitti roorrisaa oole. Aarii sana booda Wayyaanee fi Mootummaan Abbaa garaa kan Hargeessaa shora guddaa xaxuu calqaban. Dura raafa jedhan ummmanni isaan dhagayuu dinnaan torbee kana keessa ammoo Oromoon nama qaltee nyaatte jedhanii suraa nama tokko kan daa’ma qalame bira taaú gaazeexaarratti baasasan. Kuni ummanni Soomaalii akka ummata Oromootti garagalu gochuu fi diraamaa dalagamee dha. Somali Net Forum irratti (Coldoon Interviews Oromo Cannibal In Burao) itti dabarsame mee ajaaíbaaf daawwadhaa. Kan Oromoo maqaa balleessu barbaadu guyyaa dhiifama gaafatuutu dhufa. Oromoon saba qulqulluudha. Kan maqaa nuballeessu ofirraa dhoowwuu qabna kuni roorroo dha. Roorroo abbaatu ofirraa deebisa. Ofitti hin usnu.
Oromoon biyyeerra isaan warqiirraa akka hin tolfamin agarsiisuun dirqama ta’a.
“MANA JIGUUF REEQQISE ABBAATU JALAA BAQATA! !” Dhugaa dubbachuuf haalli amma jiru qabatamaan diddiigamuuf qileerra jiraachuu OPDO ifatti nutti mul’isaa jira. Wayyaaneen balfa Opdof qabdu irraa akka nama heexoo dhuguutti fuula suukanneessitee dubbachaa jirti. Opdon ammoo akka wandaqa gooftaa isaa dura dhaabbachuu sodaatee wallattaa’uutti hollachaa jirti. Hanga ammaan duraa kan ture lolli sammuu amma immoo qabatamaan gara afaanii baafatanii walitti deddeebifachuu gahanii jiran. Kanaas kan nuuf mirkaneessu gaafiif deebii Abbaa Duulaa Gammadaa torbee dabre raadiyoo FM wayyaanee tokkoo waliin taasiseefi haasawa Abbaay Xahayyee kaleessa gaafa Amajjii 17 website “Horn Affairs” jedhamu irratti haasawe ilaaluun ni danda’ama. Abbaa Duulaan raadiyoo FM sanitratti “Ummanni oromoo haqa qaba” jechaa ture. Abbaay Xahayyee ammoo “Ummanni oromoo eenyu akka isa saame, eenyu akka isa miidhe ni beeka” jechuun haasawa Abbaa Duulaatiif deebii waan kenne fakkaata. (Fakkaachuu qofa osoo hin taane akkasumaasi) Abbaa Duulaafi Abbaay Xahayyee yoo kan ilaallu tahe lamaan isaaniitu dhaaba keessa jiraniuf hangafoota. Abbaa Duulaan bu’ureessitoota opdo keessaa tokkoofi hangafa yoo tahu, Abbaay Xahayyee ammoo hundeessitoota fi hoggantoota ol aanoo tplf keessaa isa guddaa dha. “Tuuttoon sirnaan hin kabamin dhimmisuu hin dhiiftu” akkuma ja’amu san lamaan isaaniituu akkaataan itti haasawan yoo laallu waan wal gad diiguuf deeman fakkaata. “Ummanni Oromoo eenyu akka lafa isaa saame ni beeka” jechuun quba isaa jallaa gara opdo akeekuu bira dabree, Lafti oromoo aanga’oota opdo’tiin gubbaa hanga jalaatti qabatamaan saamamuus ifatti dubbatee jira. “Yaa rabbi walitti kaasii haqa keenya jidduu baasi” kan jedhan san kanaa mitiiree?
Amma wal qeequun kan jalqabame kun yeroo gabaabdutti waan ajaa’iibaa gad futtaasuuf teessi. Warri tplf saaminsa lafaa irratti harka opdo’tiin waan ibidda qabatan fakkaatu. Yoo keessa gad laalan dubbiin tan hattoota lamaan jimaa namaa waliin hatanii kakatan san fakkaatti. Dubbiin akkana. Hattoota lamaatu jimaa namaa hatuuf waliin ooyruu jimaan jiidhaa dhaqan. Inni tokko isa tokko gateetii irra kaayyatee maasaa jimaatiin seene. Inni gateetii irra jiru ammoo jimaa harka isaatiin guure. Ganama abbaan jimaa isaa kan guuramee argee akka hawaasni gandaa hafarfataa (bahanii kakataniif) abbaa gandaa gaafata. Abbaan gandaatiis nama hunda walitti baasee kakachiisuu jalqabe. Namni marti kakachaa tartiibni jara lamaan yoo gahu, inni tokko gurmuurra kaayyatee miilaan ooyruu seene san “Ani yoon jimaa kee qaxalaa (damee) takka mure harka kiyya kana dhukkuba willistiitiin narraa haa muru” ja’ee kakate. Inni harkaan guuree ammoo “Yoon ooyruu (maasaa) jimaa keetii faana tiyyaan seenee jiraadhe rabbiin dhukkuba hin beekkamneen miila kiyya lamaanuu jilbatti narraa haa ciqqaawu” ja’ee kakate. Dubbiin tplf fi opdos sanuma fakkaatti. Hundaafuu, mana jiguuf ka’e abbaatu jalaa baqataa, osoo isin irratti hin jiigne miseensoonni opdo yeroon jalaa maladhaa. Manni dhaabni isaa reeqqisee, zaraaraan isaa daariqee, utubaan isaa qinxaawee gama tokkotti yakkatee fonqoluuf fittee irra jiru jala teessanii gaafa isin irratti jige ammoo eenyuun akka boochan mooji. Keessattuu ilmaan oromoo yeroo kanatti nama isaaf hin dirmanne akkuma Goobanaa Daceetti ajeeyfattee umrii guutuu abaaraa jiraata waan taheef dafaa if eewalaa. Qotee bulaa cimaan bara geeyriin buutullee dursee beeka.
Qotee bulaa cimaan bara geeyriin buutullee dursee beeka. Akkasuma miseensoonni opdo kan sammuun qaroo duruu hororoqee jiguu dhaabichaa hubatanii keessaa malachaa jiran. Opdon nama sammuun qaraa baayyee waan hin jaalanneef harki caalu kan keessoo dhaabaa guute ‘qushaan-qushur’ gatii hin qabne akka tahe ni beekna. (Manni qaraa duruu ayaaf hin tahu) Miseensoonnii opdo doofaaleen akka waan dhaabni kun hadiida taheetti qalbii quufa itti himanii diriirfatanii ta’aa jiran. Akka hoolaa gaafa qalan sammii arguutti, eega dhaabni kun ‘fanqalal’ je’ee miila samitti ol dachaase booda babattisuu irra, amma dafanii itti yaadaanii keessaa miliquu akka qaban ani isaaniif dhaame tiyyaa. “Muugaa namni bulchan nama rafe qofa” Sabni oromoo ammoo yeroo mara akkuma dammaqetti jira waan taheef kana booda yeyyii tanaan buluu hin qabu. #Saphaloo_Kadiir / Abdulbasit Amajjii, 2016
Paarlaamaan Awurooppaa akka Waldaan isaanii rakkoo Itoophiyaatiif marii taa’u gaafatee fala rakkoo tanaallee barreesse Maqaan garee paarlaamaa yaada kana dhiyeessitee S&B (Socialist and Democratic) jedhan. Paarlaamaan kun rakkoolee asiin duratti biyya keessa jirtu jedhe tokko tokkoon maqaa dhahe. Rakkoo qofaa mitii marii gama kanaan bulchoota mootummaa ka akka ministera haajaa alaa Itoophiyaa,Dr.Twewodiroos Adihaanom fa waliin taahe maqeeffatee,gabaasa bulchootii gara garaa irraa argatellee itti dabalee barreesse. Rakkoo hiriira mormii Master Pilaanii faana dhufte,nama sun irratti lubbuu dhabe, gabaasa HRW nama 140 mormi hiriiraa sun irrati ijjeefame jedhellee barreessee. Filannoo Itoophiyaa bara 2005 fi rakkoolee sun irratti dhalatte rakkoolee gugurdoo ji’a lamaan dabran naannoo Oromiyaa keessa jirtu; namii hedduun ijjeefamuu,hedduun madaahuu, hedduun hidhamuu faallee barreesse. Itti gaafamtoota paartilee mormituu Oromoo hidhaan jiran; obboo Beqqelee Garbaa,ka manaa bahuu dhowwmame obboo Beqqelee Nagaa,hidhamuu itti gaafatamaa paartii Ginboot 7 Itoophiyaatti hidhaa jiru Obboo Andaargaachoo Tsiggee, hidhamuu gaazexeessitotaa fi walumattuu waan hedduu naannoo Oromiyaatii fi walumattuu Itoophiyaa keessa jirti jedhan hedduu barreesse Paarlaamaan kun. Maaster Pilaaniin kun akka gabaasa Paarlaamaa Awurooppaatti yoo hujii irra oole Finfinnee marroo 20 caalaa guddisa qonnaan bultoota Oromoo miliyoona hedduu hiyyoomsa. Wannii Paarlaamaan kun maqaa koree isaa S&B akka falaatti dhiyeesse;nagaa eegdotii Itoophiyaa Oromiyaa fi naannoolee biraa keessalleetti humnaan namatti deemuu ariitiin dhaabuu, akka warrii karaa nagaatiin falmate hidhaa jiru barattoota, qonnaan bultoota itti gaamatoota paartilee mormituu, biloogeroota fi gaazexeessitota aritiin hidhaa bahu gaafate. Akka mootummaan Itoophiyaa seera mirga ilmaan namaa addunyaa,mirgaa ilmaan namaa Afrikaa;karaa nagaatiin hiriira bahuu,yaada ufii karaa fedhaniin ibsachuu fi gurmaahuu ulfeessitu gaafate.
Akka mootummaan Itoophiyaa seera mirga ilmaan namaa addunyaa,mirgaa ilmaan namaa Afrikaa;karaa nagaatiin hiriira bahuu,yaada ufii karaa fedhaniin ibsachuu fi gurmaahuu ulfeessitu gaafate. Mirgootii kun guutamaa jiraachuu isaanii akka Tokkummaan Mootummootaa qoratu akka Itoophiuyaan eeyyamatus gaafate. Mootummaan Itoophiyaa misooma biyyaa hojjatu akka ummatii irratti mari’atuu fi walumattuu rakkoolee naannoo Oromiyaatii fi Itoophiyaa keessa jiran jedhe fala 15 barreessee barreessee baase. Waldan Awurooppaa waggaatti Itoophiyaa dooalara biliyoona 3 gargaasaan argatti.Afrikaa keessaa biyyiti horii haganaa aragttu tokkofffaan Itoophiyaa. Paarlaamaan kun horiin Waldaan Awurooppaa gargaarsaan Itoophiyaa kennamu seerumaan hujii irra ooluutti jiraachuu isaallee akka tohatamu yaada dhiyeesse. Paarlaamaan kun akka perezidaantin isaanii yaada kana waldaan isaanii mari’achiisuu gaafatee. Mootummaan Itoophiyaa tana irratti maan akka jedhu deebii hin arganne. Tana maleellee Paarlaamaan kun akka perezidaantin isaanii yaada kana mootummaa fi Paarlaamaa Itoophiyaatii, koomishiinii Awurooppaatii,Waldaa Afrikaatii,itti gaafamtatoota Waldaa Awurooppaatii fi nama gara garaatii ergamu yaada dhiyeesse.
Mudde 19,2015 Godina Lixa Shaggar Aanaa Calliyaa Magaalaa Geedoo Keessaa Beektotni Oromoo Humna Waraana Wayyaanee(Itihophiyaan) Ukkanfamaa Jiraachuu Qeerroon Gabaase. Qeeyroo Mudde 19,2015 Sochii warraaqsaa Biyyaalessaa Oromiyaa gaggeeffamaa jiru keessatti ga’ee qabduu jedhamuun ilmaan Oromoo kan Hayyootni Jaalaalaa fi Kabaja uummata Oromoo qaban keessatti argaman humna waraanaan ukkanfamuun dararaa ulfaataa keessa jiraachuun gabaafame. Haala kanaan beektootni barsiisotni Oromoo fi uummatni Oromoo Oromummaan yakkamanii Magaalaa Geedoo keessa Ukkanfaman: 1. Barasiisaa Deebisaa Bayyanaa Tolasaa , Hayyuu Oromoo Uummata Oromoo miliyoonotaan jaalatamu,Sabboonaa Oromoo nama bara afaan Oromoo dubbachuun akka yakkatti lakka’amu nama yeroo jalqabaaf Qubee afaan Oromoo Uummata Oromoo Calliyaa fi naannoo ishee barsiisuun seenaa guddaa uummata Oromoo keessatti qabuu fi Barsiisaa Afaan Oromoo fi Paartii mormituu KFO bakka bu’uun Mana mare Bakka Bu’oota uummataaf Aanaa Midaa Qanyii irratti yeroo filmaata darbe irratti kan dorgomee, Aanaa Midaa Qanyii irratti guyyaa Safaa Wayyaanee harka 100%n Injifatee boddarra Mootummaan abbaa irree humna waraana agaaziitti fayyadamuun sagalee uummataa kan irra garagalchatee ofii mo’adhe jechuun labsate, Barsiisaa Deebisaa Bayyanaa jalatamaa fi Kabajamaan hayyuu Oromoo Ogeessa Afaanii fi Barsiisaa Qubee afaan Oromoo Abbaa maatii 8ti kan ta’ee guyyaa kaleessa humna Waraanaan ukkaanfame. 2. Barsiisaa Kabbadee Camadaa , sabboonaa Oromoo dorgomaa paartii KFO Aanaa Calliyaa Mana Maree Naannoo Caffee Oromiyaaf filmaata darbe irratti dorgomee sagalee guddaan kan injifate, mootummaan Wayyaanee sagalee uummataa humnaan garagalchachuun ofii mo’uu kan labsatee yoo ta’a’uu Sabboonaa Oromoo barsiisaa Kabbadee Camadaa balleessa tokko malee Oromummaa isaan yakkamee ukkanfamee eessa buuteen isaanii kan hin beekamne ta’uun gabaafamera.
Barsiisaa Kabbadee Camadaa , sabboonaa Oromoo dorgomaa paartii KFO Aanaa Calliyaa Mana Maree Naannoo Caffee Oromiyaaf filmaata darbe irratti dorgomee sagalee guddaan kan injifate, mootummaan Wayyaanee sagalee uummataa humnaan garagalchachuun ofii mo’uu kan labsatee yoo ta’a’uu Sabboonaa Oromoo barsiisaa Kabbadee Camadaa balleessa tokko malee Oromummaa isaan yakkamee ukkanfamee eessa buuteen isaanii kan hin beekamne ta’uun gabaafamera. Kana Malees ilmaan Oromoo nagaan Gaaffii Mirgaa karaa nagaa gaaffachuun yakkamanii hidhaman Magaalaa Geedoo keessa namootni 40 ukkaanfamuun hidhamuun gabaafamera.
ADWUI’n Biyya Tokko moo Saba Tokko Ijaaraa Jira? M. Hundara – Oromiyaa irraa Otoo beekaniis haa ta’u otoo hin beekiin yookaan itti himamee ta’uu danda’a garuu aangawoonni impaayera Xoophiyaa waqtiilee garaa garaatti yaadaa fi haasaa siyaasaa wal-fakkaataa ta’an yommuu sabaa-himaalee fi korawwan adda addaa irratti haasa’an argina; dhageenyas. Sadarkaa bulchiinsa gandaa irraa kaasee hanga waajjira Ministeera Muummeetti yaada wal-fakkaatu darbees itti fayyadama jechootaa/gaaleewwanii/ciroowwanii/himootaa tokko ta’an yeroo haasa’amu nama malaalchisa; akka taajjabaniifis nama kakaasa. Maaliif akkas jette naan jechuu dandeessuu. Gaaffii keessaniif ragaa hedduun qaba. Isaan keessaa tokko kutaa jalqabaa kana keessatti isiniifan dhiyeessaatii dhawataan na hordofaa. Filannoo bara 2005 booda haasaa siyaasaa fi imaammatoota hedduu oomishaman keessaa inni jalqabaa fi bu’uura heerummaa qaba jedhamee fudhatamu yaada “Biyya Dinagdee fi Siyaasaan Tokko Taate Ijaaruu” isa jedhudha. Yaadni kun Heera Federaalaa impaayera Xoophiyaa kan bara 1995 keessatti fuula itti-galmaa (Preamble) keessatti argama. Aangawoonni mootummaa, keessumaa Ministeerri Muummee duraanii obbo Mallas Zeenaawwiin, maaliif akka yaada kana kaasan xiinxaltootaa fi beektota Siyaasaaf ifadha. Gama tokkoon jiraattonni magaalaa, bulchiinsota magaalaa lama jechuun Finfinnee fi Dirree Dawaa dabalatee, federaalizimii eenyummaa irratti hundaa’e keessaa bifa qooda hin qabaatiin akka adeemsaa fi bulchiinsa sirnoota darbaniin itti fufan taasifamaa jiru. Kana jechuun magaalonni xixiqqoon, giddu-galeessii fi gurguddoon impaayera Xoophiyaa keessatti argaman eenyummaa saba tokkoo irratti akka hin hundoofne qabatamaatti argaa jirra.
Keessumaa, magaalonni Oromiyaa keessatti argaman handhuura Oromummaa fi eenyummaa saba Oromoo akka hin qabaanne gochuu keessatti mootummaan kun gama hundaan irratti hojjeteera. Magaalonni Oromiyaa gurguddoon (Finfinnee, Dirree Dawaa fi Harar) akkuma mootummaan kun gara aangootti dhufeen to’annaa saba Oromoo jalaa ba’an. ADWUI’n akkuma gara aangootti dhufeen xiyyeeffannoo fi dhahannaa onnee Saboota, Sab-lammootaa fi Uummattoota Xoophiyaa yeroodhaaf hubatee bifa gaaffilee eenyummaa fi dabawwan seenaa deebisuu danda’uun heeraa dimokiraatawaa fi federaalawaa tumeera. Haaluma kanaan siyaasa federaalizimii eenyummaa giddu-galeessa godhatee fi ijaarsa sirna dimokiraasii heera irratti hundaa’e akka Xoophiyaan hordoftu taasiseera. Waggoota kurnan gara jalqabaa (bara 1991-2001 tti) haalli gama siyaasaan, dinangdeen, fi hawasummaan ture lammiilee Xoophiyaaf abdii guddaa kan ta’e yoo ta’es dhuma bara 2001 booda garuu hojiilee fi seerawwan waadaa mootummaan kun Saboota, Sablammootaa fi Uummattoota Xoophiyaaf gale duubatti deebisaa jirantu dalagama. Akka beektonni, xiinxaltoonnii fi taajjabdoonni siyaasaa hedduun kaasanittii mootummaan kun waan of gane fakkaata. Sababni duuba deebi’uu ADWUI wal-dhabdee jaarmayaa Adda Bilisa Baasaa Uummata Tigray gidduutti taasifame ture jedhamee amanamus tooftaa siyaasaa isaa haaressuu (revisionist narrative) akka ta’e keessa beektonni ni dhugeeffatu. Sanaa booda yaad-rimee “Haaromsa” jedhuun imaammata, karooraa fi tarsiimolee biyyoolessa ta’an irratti xiyyeeffachuun akka barbaachisu irratti waliigaluudhaan federaalizimii eenyummaa irratti hundaa’e kana bifa huuqqisuu danda’u irratti hojjechuu eegale. Kanaafi yaad-rimee biraa kana “Mootummaa Misoomaa” jedhu kan fide.
Haalonni amma jiran daran akka walxaxaa ta’an kan taasise bu’aa filannoo bara 2005tti. Yeroo kamiyyuu caalaa dirreen dimokiraasii kan bal’atee fi jaarmiyaaleen siyaasaa hedduun cimanii of ijaaruudhaan mootummaa kana naasisan ture. Haasaan gama adda addaan haasa’amu haqa garaa garaa yoo qabaateyyuu mootummaan kun harka caalaa akka moo’amee fi keessumaa magaalota hundaatti guutummaa guutuutti waan injifatameef hojiiwwanii fi imaammatoota jiraattota magaalaaf ta’u hojjechuu fi baasuutti xiyyeeffate. Yommuu kana aangawootaa fi bulchiinsota naannolee biraa mormiin waan isa mudateef Ministeerri Muummee duraanii yaad-rimee “Biyyaa Diinagdee fi Siyaasaan Tokko Taate Ijaarra” jedhu qabatanii sab-qunnamtiiwwanii fi mana maree biyyattiitti ba’an. Kanaafi yeroo ammaa kana namni hunduu yaad-rimee kana akka qajeelfamaatti fudhatee kan haasa’u; kan hojjetus. Mee “Biyya Diinagdee fi Siyaasaan tokko taate ijaaruu” jechuun maal jechuudha? Yommuu heera federaalaa ilaallu akka isaan haasa’anitti waan jiru miti. Wanti itti-galma heera federaalaa kan bara 1995 raggaasifame keessatti barreeffamee jiru haalaa fi kaayyoo sirna federaalizimii eenyummaa giddu-galeessa godhatee fi ‘Ofiin of bulchuu’ Saboota, Sab-lammootaa fi Uummattoota Xoophiyaa haal-duree tokko malee irratti kan hundaa’e ta’uu agarsiisa. Innis akkas jedha; Mirga ofiin of bulchuu keenyatti guutummaa guutuuttii fi bilisaan hojiirra oolchuuf; olaantummaa seeraa irrattii hundaa’uudhaan tasgabbii amansiisaa ta’e fiduuf; sirna dimokiraasii mirkaneessuuf; misooma diinagdee fi hawaasummaa itti fufsiisuuf hawaasa siyaasaan tokko ta’e ijaaruuf;…… (hiikkaan kan kooti) Hawaasa diinangdeedhaan tokko ta’e keessa jiraatu ijaaruuf waliif galuun haalota waldeeggaranii fi itti fufiinsa qaban kanneen kabaja mirgootaa fi bilisummaa keenyaa darbees fedha keenya walii galaa galmaan ga’uuf nu tumsan itti fufsiisuutti amanneerra;…..(hiikkaan kan kooti).
Garaagarumman jiru heerri akkas jedha:“…hawaasa siyaasaan tokko ta’e ijaaruuf…..hawaasa diinagdeedhaan tokko ta’e ijaaruuf….” Aaangawoonni garuu “…biyya siyaasaanii fi diinagdeen tokko taate ijaaruuf…” Itti galmi heeraa kanaa maal jechuu dha jennee ilaaluuf wantoota sadii hubachuun barbaachisaadha. Xoophiyaan impaayera Saboota, Sablammootaa fi Uummattoota 80 ol of jalatti qabattee jirtudha. Akka seenaan ibsutti, Saboonni, Sablammoonnii fi Uummatoonni kun fedhaa fi jaalalaan kan walitti dhufanii impaayera Xoophiyaa jedhamtu kana hundeessan otoo hin taane mootonni habashaa koloneeffannaa gurraachaa (black colonization) taasisuudhaan akka ture seenaan ni dubbata. Erga humnaan impaayera tokko jala galanii booda hawaas-dinagdee fi siyaasa impaayera kanaa keessatti wal-qixxummaadhaan jiraachuuf qabsoo hadhaa’aa taasisaa turan; taasisaas jiru. Darbee, akka Dargiin kufeen feeti Saboota jajjaboo ta’anii ofiin of bulchuu irra darbee hanga biyya ofiisaanii hundeessuutti waan tureef heerri federaalaa gaaffii kana deebisuuf hiree ofiin of bulchuu saboota garaagaraa mirkaneesse. Sadaffaarratti, kaayyoon federaalizimii biyya tokko ijaaruu waan ta’eef itti galma heera federaalaa Xoophiyaa keessatti yaadni ‘hawaasa siyaasa tokko….dinagdee tokko…’ ijaaruu jedhu jiraachuun isaa adeemsa bulchiinsa waliinii (shared-rule) jabeessuu keessatti shoora olaanaa qaba. Federaalizimiin biyya tokko keessatti biyyoota adda addaa hundeessuuf otoo hin taane biyya tokko keessatti bifa ittiin Saboonni, Sab-lammoonnii fi Uummattootni ofiin of bulchaa wajjin biyya tokko bulchaniif haala mijeessa. Kanaafi, gidduu-galli sirna federaalizimii ‘ofiin of bulchuu’ (self-rule) fi ‘waliin bulchuu’ (shared-rule) akka ta’e beektonni siyaasaa ni dubbatu. Haqni jiru erga akkas ta’ee, maaliif aangawoonni Xoophiyaa “Biyya Siyaasaa fi diinagdeen tokko taate ijaarra” jedhu?
Haqni jiru erga akkas ta’ee, maaliif aangawoonni Xoophiyaa “Biyya Siyaasaa fi diinagdeen tokko taate ijaarra” jedhu? Aangawoonni ADWUI sababoota armaan gadiif yaad-rimee kana irra deddeebi’anii haasa’u; akkasittis hojjechaa jiru. Kanaaf, yaad-rimeen ‘biyya siyaasaa fi dinagdeen tokko taate ijaaruu’ jedhu tooftaa itti mootummaan kun duubatti deebi’uu isaa fi hojiiwwan heera federaalaatti bu’an hojjechaa jiraachuusaa agarsisiisan jalaa miliquudhaaf Saboota, Sablammootaa fi Uummattoota Xoophiyaa gowwoomsaa jirudha. Adeemsa keessa magaalota akka Finfinnee hedduu argaa jirra. Finfinnee keessatti eenyummaa fi siyaasa eenyuutu galmaan ga’aa jiraa? Xiyyeeffannoon/feeti jiraattoota magaalaa Finfinnee keessaa maali? Argitanii Oromiyaa keessatti magaalonni hedduun Oromoo hin fakkaatan; Oromoof hin guddatan’ Oromoo qabatanii hin guddatan. Akka magaalli babal’ateen Oromoon baqachaa; aadaa fi eenyummaan isaa liqimfamaa deema. Kan Oromoo qofaa miti; kan saboota kaaniis akkasuma. Kanaaf, ADWUI biyya tokko ijaaraa jira otoo hin taane, akkuma mootummoota darbanii biyya eenyummaa habashootaa giddu-galeessa godhatte itti fufsiisuu fi dhiibbaa Saboota jajjaboo xiqqeessuu irratti hojjechaa jira.
#OMN fi #TV_OROMIYAA jidduu kana yeroo waliin haasawan #OMN —– Akkam naga jirtaa yaa abbaa kijibaa Oduma sobaatiin ummata Oromoo dhoowwite hirriibaa Kan kee kana jechuun dubbiin nama dhibaa #TVO— lubbuun ima jiraa garuu womaa hin jedhuu Rakkadheeti malee an kijibuu hin fedhuu Na dirqisiisanii ani maal haa godhuu #OMN — ulee diinaa taatee saba kee wolaaltee Osoo bira jirtuu ati dhugaa awwaaltee Halalaa argiti ijji kan koo laaltee #TVO — Arguu dhabe seetaa dubbachuu dadhabee Warri TPLF afaan koo na qabee #OMN — Ifa baasi malee dhugaa hin dhoksinii Maqaa misoomaatiin saba hin gowwoomsinii Olola sobaatiin lammii hin gabroomsinii #TVO — hojiin kan koo gudaan inni bonaa gannaa Odeessi naan jedhan waan misoomaaf qonnaa #OMN — beelaaf saaxilama ummannii hiyyoomee Abbootii ongoodhaa qofatuu duroomee An barbaadee dhabee eessatu misoomee #TVO — dubbadhu naan jedhan waan baaqelaa, ataraaf shunburaa Hammanaan bitamee hammana gurguraa Ati maal balleessitee ormi si uguraa #OMN — an dhugaa hin dhoksu midiyaa wolabaa Kufee lafa hin gayu oromoon na qabaa #TVO — aninuu ni beeka hojii kan kee gaarii Sababuma keetiin kukkutan soolaarii #OMN — soba hin odeessu wolitti sassaabee Hiddi koo hin buqqa’u hayyu gad na dhaabee Fagoollee jiraadhu biyya laga gamaa An dhugaa dubbadhaa kanumaaf jibbamaa #TVO — 10nis si jibbu kuma si jaalataa Tuqaa hin danda’u garaan na laalataa Jabaadhu ammallee hojii keetti cimii Rakkoo ummata oromoo addunya naaf himii #OMN — ergamtuu orma ta’inii oromoof jiraadhuu Abbaa dhugaa ta’i atis na fakkaadhuu #TVO— maal godhi naan jetta kun hojii baraatii Worri na hoogganu Abbootii garaatii sobaan na ijaaranii na guuranii dhagaa gaaf tokko anillee ni dubbadha dhugaa hojiin kee guddadha umriin kee ijoollee Oromiyaa keessatti si arguun kan koo waan hin oollee #OMN — akka achi dhufuun yoo argadhe carraa Oromiyaa balloo keessaa wol agarraa Waa hedduu barachuu qabda ati narraa …..
Bakar Shaalee is the next TPLF targeted prey #BilisummaaOromoo- (4.02.2016, #BreakingNews, Oromiyaa) Ob Bakar Shaalee kan dhalate godinaa Arsi Lixa,aanaa Dodolaa ti. Hoji kan eegaale civil sarvisi keessatti ture. Akka lakkofsaa Habaasha baraa 2000 irra kaasee kaabine aanaa Dodolaa ta’e. Achin booda bulchaa aanaa Dodolaa ta’e.Waggaa 6f godina Arsii fi Baalee keessatti bakka mudaama addaa irratti hojjateera. Bara 2006 komishin komshineraa polisi Oromiyaa ta’e; bara 2008 darikitera hojii gamtaa Oromiyaa ta’e. Sana booda yeroo xiqqoof itti aanaa Gumuruka fi Galii ta’e.Ittaansee sadarkaa ministeeratti itti aanaa dhimma komunikashin mootummaa ta’e.Kanaa booda Kaantibaa bulchinsaa magaala Adaamaa ta’e. Yeroo ammaa Darekitarin olaanaa abbaa taayitaa Gumurukaa fi Gaali Itiyoophiyaa ta’ee otuu jiruu bakak Mukata Kadir buufamee hojjacha ajira. Yeroo kana keessatti aangoo fi guddina kanatti kan bahe hojii basaasummaa fi amanummaa Wayyaaneef qabuun dhiiga ilmaan Oromoo dhangalaasaa ti. Keessayyuu, Bakar Shaalle akka aangoo kana irra ga’u kan godhe Warqinee Gabaayyooti. Warqinaa fi Bakar naannoo tokkotti dhalatan; wajjinis guddatan. Warqinaa Gabayyoo komishiira Poolisii federaalaa yeroo turetti hojii basaasaa fi odeessa Caffee keessaa guuree karaa isaa gara Mallas fa’aatti geessaa ture.. Bakar Shaalee yeroo ammaa kanatti nama umuri isaa kan galmaa’ee jiru 42. Yeroo ammaa abbaa ijoollee dubraa lamaa ti.
— አቶ በከር ሻሌ በዝግ ስብሰባ የኦሮሚያ ክልል አዲስ ርእሰ መስተዳደር ሆነው ተሾሙ በኦሮሚያ እየተፈፀመ ያለውን ኢሰብአዊ ድርጊት ለመደበቅ እየሞከረ ያለው ህወሀት ኢህአዴግ ማክሰኞ እለት በዝግ በተካሄደው የኢህአዴግ ስራ አስፈፃሚ ኮሚቴ አባላት ስብሰባ ላይ ሙክታር ከድርን በማንሳት አቶ በከር ሻሌ የክልሉ ፕሬዚዳንት እንዲሆን በህወሀቶች መወሰኑን ታማኝ መረጃዎች አረጋግጠዋል አቶ በከር ሻሌ ከዚህ ቀደም የገቢዎችና ጉምሩክ ባለሥልጣን ዋና ዳይሬክተር ከመሆናቸው በፊት በሚኒስትር ዴኤታነት የገቢዎችና ጉምሩክ ምክትል ዋና ዳይሬክተር ሆነው ለወራት የሰሩ ከገቢዎችና ጉምሩክ ባለሥልጣን ምክትል ዋና ዳይሬክተርነት ተነስተው ወደ ኮሙዩኒኬሽን ጉዳዮች ጽሕፈት ቤት ተዛውረው እንዲሰሩ ተደርገው የነበሩት አቶ በከር፣ በጽሕፈት ቤቱ ለተወሰኑ ወራት በሚኒስትር ዴኤታነት ካገለገሉ በኋላ የአዳማ ከተማ ከንቲባ ሆነው መሾማቸውም የሚታወስ ነው፡፡ ከግንቦት 21 ቀን 2005 ዓ.ም. ጀምሮ ደግሞ በሙስና ወንጀል በሕወሐት ተከሰው የታሰሩትን አቶ መላኩ ፈንታ ተክተው የገቢዎችና ጉምሩክ ባለሥልጣን ዳይሬክተር የተደረጉ ሲሆን በአሁኑ ወቅት በተመሣሣይ ሁኔታ የኦሮሚያ ክልል ምክር ቤት ባላወቀበት ሁኔታ የክልሉ ፕሬዚዳንት እንዲሆኑ በህወሀቶች የተወሰነ ሲሆን ምክር ቤቱም ከሰሞኑ ያፀድቀዋል ተብሎ ይታሰባል ከዚሁ ጋር በተያያዘ አቶ ሙክታር ከድር ወደሲቪል ሠርቪስ ሚኒስቴር ተዛውረው እንደሚሰሩም የተገኘው መረጃ ያስረዳል። አቶ ሙክታር ከድር በጅማ እና ኢሉ አባቡራ አካባቢ ከፍተኛ ደጋፊ የነበራቸው ሲሆን በአንፃሩ አቶ በከር ሻሌ ኦቦ ገብረመድህን እስከመባል ያደረሰ ሥር የሰደደ የሕወሐት ተላላኪ መሆናቸውንም ለማወቅ ተችሏል። #OromoProtests- (4.02.2016, #BreakingNews, Oromia) Oromia regional state president, Mukatr Kadir, is out of the country for the emergency treatment since last week. Sources say Muktar is receiving medical treatment in Bangkok, Thailand. It is recalled that Alemayehu Atomesa, former president of the Oromia region and one of the youngest executive members of the ruling party died of “typhoid fever” at the age of 45 in March 2014. Since last week, OPDO and Oromia regional state is led by Mr Bakar Shale. It has been known that Oromia is under the state of Command post since last November 2015. Mr Bakar Shale is the executive committee member of OPDO. #BilisummaaOromoo- (4.02.2016, #BreakingNews, Oromiyaa) Pirezidaantii Oromiyaa kan ta’e Ob Muktar Kadir hiree Ob Alamayoo Atoomsaa argate isa dhaqabe. Muktar Kadir torban darbe irraa eegalee Bangkok, Thailand wal’aanamaa jira. Yeroo biyyaa bahus sharafa biyya alaa dhabee akka ture, Booda keessa doolaara baankii Baankii Hojii gamtaa Oromiyaa (CBO) irraa sharafameen baheera. Ammaaf biyya kam akka ta’e hinbeekamne. Yeroo ammatti Muktaariin bakka bu’ee hojii “gaggeessaa” kan jiru Darekitarin olaanaa abbaa taayitaa Gumurukaa fi Gaali Itiyoophiyaa Ob Bakar Shaal’ee ti.
Innis bakka bu’ummaa fudhatee magaalaa Adaamaa dhiphisaa jira. #Bakara Shaalee kanaan dura mana hidhaa keessatti Oromoota hiraarsisuu fi reebsisuun beekama. Haalli ka’umsa Bakar Shaalee basaasummaa ture. (Gara booda odeeffannoon dabalataa itti fufa) ኢትየጵያ ውስጥ ጉቦ መስጠትም ሆነ መቀበል እንደ ብቃትና እንደ ሥልጡንነት እየታየ ነው፡፡ #Ethiopia #EPRDFCorruption #Miniliksalsawi #Ethiopianoppositionparties Minilik Salsawi (ምንሊክ ሳልሳዊ) – የወያኔ አገዛዝ ባለስልጣናት እና ጭፍሮቻቸው ከደሃው ጉሮሮ መንጠቁን ተያይዘውታል ግን እስከመቼ የለውጥ ሃይሉ በመታገል ፈንታ እርስ በርስት እየተባላ የወያኔን እድሜ አሳልጦታል:: አገሪቷ ውስጥ ያለው የኑሮ ውድነት ወደላይ እንዲያሻቅብ ካደረጉት ምክንያቶች አንዱ የሙስና ጣርያ መንካት ነው፡፡ በዚህ ደረጃ ላይ አሳሳቢ መሆኑን መግለጽ ቀርቶ የእገሌን አገር ደረጃ አያክልም የሚለውን አባባል የኢትዮጵያ ሕዝብን እንደመናቅ ይቆጠራል፡፡በአሁኑ ወቅት ሙስና በኢትዮጵያ ውስጥ ተንሰራፍቷል፡፡ ባለጉዳይም ጉቦ ካልሰጠ ጉዳዩን እንደማያስጨርስ፤ ጉዳይ ፈጻሚም ገንዘብ ካላገኘ ጉዳይን ማስጨረስ የማይቻልበት ደረጃ መድረሱን በገሃድ በሚታይበት ደረጃ ላይ ነን፡፡ በቀበሌ፣ በወረዳ፣ በክፍለ ከተማ፣ በአዲስ አበባ መስተዳድር፣ በፖሊስ፣ በፍርድ ቤት፣ በአገር ውስጥ ገቢ፣ በጉምሩክ፣ በመንገድ ትራንስፖርት፣ በሆስፒታሎች፣ በኢሚግሬሽን፣ ወዘተ ጉዳይን ለማስጨረስ ጉቦ መስጠት የተለመደ ሆኗል፡፡ ጉቦ መስጠትም ሆነ መቀበል እንደ ብቃትና እንደ ሥልጡንነት እየታየ ነው፡፡ ጉቦ የማይቀበል የማይረባና የማይጠቅም ተብሎ የሚሰየምበት ደረጃ ላይ መድረሳችንን እያንዳንዱ ሰው በሚገባ ያውቀዋል፡፡ እንደዚህ በመሰለ አስፈሪ ሁኔታ ውስጥ ባለንበት ወቅት ሙስና ኢትዮጵያ ውስጥ አሳሳቢ ደረጃ ላይ አይደለም ሲባል ምን ማለት ነው? መረጃው የተገኘውስ ከየት ነው?
ከተበዳይ ወይስ ከበዳይ?ኢትዮጵያ ውስጥ የሚካሄዱ የአገር ውስጥና የውጭ አገር ግዢዎች አነስተኛም ይሁኑ ትላልቅ የፕሮጀክት ጨረታዎች ያለኮሚሽን ክፍያ የተፈጸሙ ናቸው የሚል ጥናት ፍፁም ተቀባይነት ሊኖረው አይገባም፡፡ ምንልክሳልሳዊበአሁኑ ወቅት በተለያዩ የመንግሥት መሥሪያ ቤቶች ውስጥ የሚካሄዱ ግዢዎችና ጨረታዎች ሕጋዊነትን ለማስያዝ ብቻ የሚካሄዱ ካልሆነ በስተቀር፣ አስቀድሞ ከታቀደውና ከታለመው ሰው ወይም ድርጅት ውጭ ማንም እንዲገባ በማይፈቀድበት ደረጃ ላይ መድረሳችንን የዋህ ሰው ሳይቀር በሚገባ የሚረዳበት ደረጃ ላይ እኮ ነን ያለነው፡፡ ከሀብታም ነጋዴዎች ጋር የሚያያዝ ከሆነ ቀድመው ችግሩን ለማወቅና ለመፍታት ከሚጥሩ ይልቅ ለግልግል በሚሯሯጡበት አገር ላይ እያለን፣ ሙስና ኢትዮጵያ ውስጥ ዝቅተኛ ነው እንዴት ይባላል? በአሁኑ ወቅት ከከፍተኛ እስከ ዝቅተኛ የመንግሥት አመራሮች ድረስ በሀብታም ተፅዕኖ ሥር በወደቁበት፣ ጉቦ በመቀበል የአገራቸውን ብሔራዊ ጥቅም አሳልፈው በሚሰጡበት፣ ሀቅን በገንዘብ በሚለውጡበት፣ በጠራራ ፀሐይ ብሉ ሌብልና ቪኤስኦፒ በካርቶን በሚጫንበት፣ የሰው ሕይወት በገንዘብ አደጋ ላይ በሚወድቅበት፣ ዓይን ያወጡ ሙሰኞች በሰፊው ሕዝብ ፊት ደረታቸውን ነፍተው ጉራቸውን በሚነፉበትና ኃይላቸውን የሚያሳዩበት ወቅት መሆናችን እየታወቀ፣ ኢትዮጵያ ውስጥ ያለው ሙስና አሳሳቢ ደረጃ ላይ አይደለም እንዴት ይባላል? የመንግስት ባለስልጣናት የሙስና መንገዳቸውን ለማሳካት ሲሉ በመንግሥት ፖሊሲ፣ አሠራርና መመርያ ላይ ጫና እየፈጠሩ እንደሚመቻቸው ተደርጎ እንዲወጣ በማድረግ ላይ ናቸው ሲል ሙስና ኮሚሽን አማሯል።ትናንትና ለሀቅ፣ ለዲሞክራሲና ለአገራቸው ብልጽግና ሲሉ የወጣትነት ዕድሜያቸውን በረሃ የወጡ ወንድሞቻቸውን፣ እህቶቻቸውንና ጓደኞቻቸውን ቀብረው እዚህ ደረጃ ላይ የደረሱ ጀግኖች በሙስና ተነክረው ሀብታም ሥር በተንበረከኩበት ወቅት፣ የተለያዩ ድርጅቶች ቅጥረኛ በሆኑበት ወቅት፣ አሠራርና መመርያዎችን ጥሰው በኔትወርክ በተሳሰሩበት ወቅት፣ እርስ በራሳቸው እሳትና ጭድ ሁነው በማይተማመኑበት ወቅት፣ ለሕዝብ ህልውና ዋስትና በታጣበት ወቅት፣ሙስና ኢትዮጵያ ውስጥ ሊያሳስብ አይገባም ተብሎ እንዴት ይነገራል? ከምንም ጊዜ በላይ እጅግ አሳሳቢ፣ ከአሳሳቢነቱ በላይም ጊዜ የማይሰጠውና ወረርሽኝ በሆነበት ደረጃ ላይ ነው ያለነው፡፡ አንዳንድ ቦታ ላይም ሙሰኞች የሙስና መንገዳቸውን ለማሳካት ሲሉ በመንግሥት ፖሊሲ፣ አሠራርና መመርያ ላይ ጫና እየፈጠሩ እንደሚመቻቸው ተደርጎ እንዲወጣ በማድረግ ላይ እንደሆኑ ወሬዎች በሚናፈሱበት ደረጃ ላይ ነው ያለነው፡፡ አንዳንዱ ቅንጣት ጥፋት የሌለው ይመስል ከራባቱን አስሮ ‹‹ሙስናን እንዋጋ›› የሚለው ከበስተጀርባው ትልቅ ጥፋት ተሸክሞ ነው፡፡ እጅግ የሚያስፈራው ደግሞ ሙስና ከመስፋፋቱም በላይ ሙስናን የሚዋጋና እውነታው ገሃድ እንዲሆን ጥረት የሚያደርግ ወገን ያለአግባብ እየተበደለ ነው፡፡ ሙሰኞች በያዙት የሕዝብና የመንግሥት ሥልጣን ሀቅን ለመቅበር የሚችሉትን ያህል ማድረግ የሚችሉበት ደረጃ ላይ ናቸው፡፡ ይህ ደግሞ አገሪቷን እጅና እግሯን አስሮ ለጅብ እንደመስጠት ይቆጠራል፡፡ እኛስ ምን እየሰራን ነው ራሳችንን እንጠይቅ ነጻ ለመውጣት ከመታገል ይልቅ እየተኮራኮምን የራሳችን ባሪያዎች በመሆን በባዶ ሜዳ እየዛረጥን ስለምንገኝ ከዚህ ስህተታችን ተምረን ልዩነት በማቻቻል ታግለን በሕዝብ ትከሻ ላይ የተንሰራፋውን የወያኔ አገዛዝ እናስወግድ!!!
Umamtii naannichaa akka jeequmsii dafee dhaabatu hojii jeequmsaa falmee,jaibbees.
Dhaamsa Simannaa Waggaa Haaraayaa Hayyuu Kallacha Walbummaa Oromiyaa – KWO Guyyaa Har’aa bara keessa turre bara 2015 Xumurree bara haarawa bara 2016 simannee jirra. Barri keessa dabarre 2015 akkuma baroottan biroo hunda ummanni keenya osoo waanjoo gabrrummaa tan jaarraa tokkoo oliif jalatti kufe jalaa bahee diina humna qawween biyya teenya qabate ufirraa kaasee ummata bilisaa fi biyya isaa walaba argachuudhaaf diina kallattiin kokkee walqabee qabsoo hadhooftuu diinarratti geggeeysu dhumate. Barii haaraan 2016 bara qabsoo bilisummaa fi walabummaa sabni keenya sirnna kiyyoo gabrrummaa jalaa uf baasuf godhu cimsee itti fufuudhaan injifannoo cululuqaa itttiin galmmeesu akka tayu hawwina. Sabni keenya erga nagaha waaraa dhabee, biyya isaa irratti akka lammii lammataatti (2nd citizen) ilaalamuu eegalee, lafaa fi qabeenyi isaa gabrroomfattotaan saamamuu eegalee jaarraa tokkoof walakkaa lakkoofsisuuf baroota muraasatu isa hafe. Dhaabnni keenna Kallachi Walabummaa Oromiyaa – KWOn Sabni keenya gadi’aantummaa, gabrrummaa, baqatummaa, hidhaa fi ajeechaa bara dheeraaf irra gahaa jiru hundeedhaan ufirraa buqqisee, ummanni keenna abbaa biyya isaa Oromiyaa akka tahu, abbaa mirgaa fi qabeenya isaa akka tahu, mirga uumaadhaan ilmi namaa lafa addunyaa keessatti qabu akka goonfatu wareegama barbaachisu kafalee, sirna gabrummaa/koloni cabsudhaan, seenaa haarawa lafa teenyaa fi gaafa Afrikaa keessatti argamsiisudhaaf murannoon qabsaa’uf waadaa isaa ni haaromsa. Mootummaan Wayyaanee erga Caamsaa 1991 humnna qawweetin biyya teenna qabatte irraa eegalee waggoota 25 akkuma sirnoota dabaranii Saba Oromoo lafa isaa irraa buqqisuu, qabeenya Oromoo saamuu, Oromoota mirga isaanii gaafatan ajjeesuu, hidhuu fi dararuu akkasumas dhabamsiisuu karoora jalqabaa godhattee irratti hojjachaa as geeyse.
Yeroo ammaa duula snayii duguuggaa kana galmmaan gahuuf maqaa Master Pilaanii Finffinnee fi naannoo ishee jedhuun Ummata Oromoo irratti lola labsitee jirti. Wayyaaneen lola Saba Oromoo irratti ifatti labsite kana keessatti daa’imman umriin isaanii waggaa 10 irraa kaasee haga manguddoo waggaa 80 ol rasaasaan ajjeesaa, kumaan madeessaa, kumaa fi kitilaan mana hidhaatti guuraa jirti. Barttoota qalamaa fi waraqaa adii harkkattti qabachuudhaan gaafii mirgaa karaa nagahaan gaafatan irratti waraana raayyyaa biyyattii, Hilikoptariin lolaa osoo hin hafin Ummata keenya shororkeessaa jirti. Yeroon keessa jirru kun yeroo sababa Kanaan Sabni keenya gaddaa fi gadadoo keessa jiruudha. Gaafiin Ummanii keenya gaafate gaafii, haqaa, gaafii abbaa biyyummaa, gaafii mirga dhala namaa fi gaafii seeraati. Oromoon gaafii isaa kan haqaa kana galmmaan gahuuf barataa fi barsiisaan, hojjataa fi qotee bulaan, kaabaa fi kibbaa, bahaa fi dhihaa wal waamee gootummaan diina isaa dura dhabbatee kufee kuffisaa jira. Dhiigni Saba keenyaa bilisummaa Oromoo fi walabummaa Oromiyaa mirkaneesuf akka bishaanii rasaasa diinaatiin dhangalaafamaa jira. Sabni keenya biyya keeyssaa roorroo fi saamicha mootummaan wayyanee maqaa Master Pilaanii Finffinnee fi nannoo isii jedhuun irratti karoorfate kana fashaleesuf gootummaan dura dhabbatee wareega lubbuu isaatin lammii isaa boonsisee diina isaa itti qaanfachiisaa jira. Ummanni keenya biyya alaa jiru garaagarummaa yaada siyaasaa, kutaa fi amantaan osoo wal hin qoqoodin tokkummaan dhaabbatee sagalee Ummata biyya keeyssaa addunyaaf dhageeysisaati jira. Walumaa gala yeroon kun yeroo Sabni keenya biyya keeyssaa fi alaan harka wal qabatee gamttaadhaan diina isaa dura dhaabbachaa jiruudha. Dhaabni keenya KWOn adeemsi kun kan jajjabeefamuu fi daran haala ijaarsaatiin walqabatee itti fufuu qabudha jenna.
Qabsoon Sabni keenya kumaa fi kitilaan itti wareegamaa asiin gahe yeroo irraa gara yerootti, guyyaa irraa gara guyyatti jijjiirama guddaa agarsiisaa dhuftee jirti. Dhawaatuma qabsoon jabaachaa deemtun wareegamni kaffalamullee ulfaataa akka dhufu beekkamaadha. Kanaaf, qabsoon Saba Oromoo galma isii rukutuudhaaf Ummanni keenya murannoo cimaadhaan harka walqabatee diina hinikkaa irratti fuullefachuudhaan wareegama barbaachisu dachaa dachaan baasudhaan bilisummaa Saba Oromoo fi Walabummaa biyya teenya Oromiyaa akka mirkaneesinu dhaabni keenya KWOn waamicha lammummaa dabarasa. Sabni Oromoo erga kiyyoo gabrrummaa jalatti kuferraa kaasee hanga har’aatti tole jedhee fedhii isaatin diinaaf bulee hin beeku. Sabni kabajamaan kun humna qawween qabamee, aadaa fi seenaan isaa tuffatamee, mirgi namoooma isaa sarbamee, qabeenyaa fi lafti isaa humnaan saamamaa har’a gahe. Sabni Oromoo Saba nagaha jaalatu, saba keesummaa fi baqataa isatti baqate kabajuu fi jiraachisu akka taye diinillee osoo hin hafnne raga baha. Oromoon Saba waaqaa fi lafaaf tolu dha. Gatiin Waqaa fi lafaaf, sa’aa fi namaaf toluun keenya tuffatamuu, saamamuu fi ajjeefamuun nuuf deebi’uu hin qabu. Oromoon akkuma Saba Kamituu bilsa ta’ee dhalate. Biyyyi isaa Oromiyaanis akkuma biyyota kamiituu biyya walaba turte. Kanaaf, bilisummaa keenyaa fi walabummaa biyya keenya Oromiyaa mirkaneesuf tokkummaadhaan diiina afoo akka dhaabannu KWOn waamicha dabarsa. Qabsoo Saba keenyaa gulantaa amma geenye Kanaan gahuu keessatti qoodni dhaabotiin Siyaasa Oromoo adda addaa gumaachan xiqqaa miti. Wareegamni kaffalames ol’aanaadha. Haa ta’u malee har’allee qabsoo Saba keenyaa galmmaan gahuu hin dandeenye. Yeroo ammaa abbaan qabsichaa Ummanni Oromoo qabsoo isaa uf harkkatti galfatee diinaan kokkee wal qabee diina raasaa jira.
Dhaabotiin siyaasaa Oromoo hanga ammaa wal sababa adda addaan waldiiguu, walirratti ololuu, walumaa gala diina kallattii dhiifnnee ufii keenyaa mogolee wal buusaa waan turreef akka sabni keenya nurraa eegutti humna jabaa horannee qabsoo finiinsuu hin dandeenye. Sabni keenya Oromoon dhugaa jaalata. Soba hin fedhu. Sobaanis nu hin deegaru. Yoo dhugaa itti himnee waan dhugaa taye ittti mudhifne nu waliin dhaabbata. KWOn dursaa Sabaa waliin dhugaa irratti hundaayee, dhugaa itti himee, dhugaa itti garsiisee qabsoo sabaa finiinsuu filata. Kanaaf, KWOn dhaabotiin siyaasaa Oromoo daba walirrratti deemsisaa turan keessaa bahanii, garaagarummaa yaadaa fi ilaalchaa waliif kabajanii, dhimma Oromoo fi Oromummaa qofarratti akka waliin dhaabbatanii fi diina kallattii iratti akka waliin qabsaa’an waamicha dabarsa. Kwon bilisummaa Saba Oromoo fi Walabummaa Oromiyaaf yoo qabsaa’u, qabsoofnu Impayera dharaan ijaaramee biyya keenna kiyyoo gabrummaa jala galche ufirraa kaafnnee nagahaan biyya keenya keessa jiraachufi. Bu’aan Impaayerichaa fi bu’aan keenna kallatiidhaan walitti bu’a. Sirni dabaa kun (sirnni mootummaa Wayyaanee) hundeen diigamu malee bu’aan/mirgi saba keennaa hin eeggamu. Sirna kana diiguuf qabsoon keenya fincila Uummata keenyaatin wal cinaa hiriirree mirga guutuu goonfachudhaaf murannoon itti fufa. Ummanni Oromoo ummatoota cunqurfamoo biyya Etoopia keeyssa jiraatan waliin rakkoo tokkollee hin qabu. Saba biraatin wanti walitti nu buusu tokkllee hin jiru. Kanaaf, dhaabni keenya KWOn sabaa fi Sablammiin biyyatti hundi qabsoo haqaa kan Ummanni Oromoo mirga isaa fi abbaa biyyummaa isaa kabachiisudhaaf godhu cinaa hiriirun diina hunda keenya walitti qabee lafarraa duguugaa jiru sirnna wayyaanee ufirraa kaasuuf akka qabsaayan waamicha dabarsa.
Kanaaf, dhaabni keenya KWOn sabaa fi Sablammiin biyyatti hundi qabsoo haqaa kan Ummanni Oromoo mirga isaa fi abbaa biyyummaa isaa kabachiisudhaaf godhu cinaa hiriirun diina hunda keenya walitti qabee lafarraa duguugaa jiru sirnna wayyaanee ufirraa kaasuuf akka qabsaayan waamicha dabarsa. Mootummaan cubbamaan Wayyaanee isin tajaajilaa jirtan aduun akka dhihaa jirtu isinis argaa jirtu jennee yaadnna. Ummanni keenna isaan jibbee, isaan tufee jira. Mootummaan Ummannni jibbe ni kufa. Kanaaf seenaan sirnoota ammaan dura dhufanii dabrranii ragaadha. Walumaa gala mootummaan dhaabbataan hin jijjiiramne addunyaa tana irra hin jiru. Kan dhaabbataa taye Ummataa fi biyya dha. Ummanni yoomuu ni jiraata. Isin ammoo qaama Ummata kanaati. Abbootiin, haadhotiin, obbolaa fi abboleettin teeyssan sirnna Kanaan ajjeefamaa, reebamaa, qabeenyi biyyaa wayyaanotaan samamaa akka jiru ni agartu. Osoo kana agarttan mootummaa cubbamaa saba isin keeyssaa baatan lafarraa balleessaa jiru cinaa dhaabattanii tajaajilaa jirtu. Gaafa wayyanonnni gara villa biyyoota faranjiitti qabeenya Ummataa kan saamaniin bitatanitti baqatan isin Ummata kana keessatti hafuuf akka deemtan hin dagatinaa. Kanaaf, KWOn mootummaa kufuuf gatantaraa jiru tajaajiluu dhiiftanii karaa isiniif danda’ame hundaan kufaatii sirnnichaa ariifachiisuu irraa qooda akka fudhattan, warri hidhannoo diinaa harkaa qabdan hidhannoo keeyssan Ummata irraa dhalattan ittisuuf akka oolchitan waamicha lammummaa isiniif dabarasa. Dhiigni barattoota oromoo lafatti hin badu! Oromiyaan ni Walaboomti! Kallacha Walabummaa Oromiyaa –KWO Front for Independence Of Oromia –FIO Muddee 31, 2015
Yoo ammoo rakkoon kanarra hamaa jiraates ummanni beekuun barbaachisaadha.
Namoota hubannoo siyaasaa gahaa hin qabneef, wantoota ifa ta’uufii qaban jedhee yaadu keessaa: Hiriira bahuun nu bilisoomsuu danda’aa? “SHARE” godhaa Tarsiimoon, barnoonni bilisummaa booda (BBB) jettu qabsoo keenyaaf barbaachisaa? Gaggabaabsee gaafiilee lamaan kana hiikuu barbaada. Akka barruulee warra dhimma qabsoo karaa nagaa (Nonviolent Struggle) qoratan dubbisee irraa hubadhetti, qabsoo karaa nagaa keessatti, tarsiimoon beekkamoo ta’an kan akka hiriira bahuu, gibara kafaluu diduu, magaalaa gabroomfattootaa laamshessuuf lagachuu fi kkf haa jiraatan malee, tarsiimoon dhaabbataan biyya hunda ykn saba cunqurfame hundaaf dalaga jedhamu hin jiru. Tarsiimoon cimaa kan baafachuun danda’amu, amala mootummaa gabroomfataa baruun akkasumas haala keessa jiran hubachuun, tarsiimoo hanga danda’ametti ummata cunqurfame hin miine baafachuun sochii qabsoo karaa nagayaa taasisuun gaarii. Dursanii maaliif qabsoofnaa? Maalirratti qabsoofnaa? Haala kamiin qabsoofna? Miidhaan maali? Bu’aan isaa maali? jedhanii hubachuun, kutatanii qabsootti seenuuf nama gargaara. Humni guddaan Wayyaaneen ummata ittiin gabroomsaa turte, humna waraanaa caala tooftaa ‘qoqqoodanii bulchuu’ (devide and rule) fayyadamuudhaani. Humna waraana isii kan utubee qabe tooftaa kana. Murni xiqqaan kun osoo ummata addaan qoqqoodee bulchuu baatee humna waraana guddaa qabaachuu hin danda’u; akkasumas biyya guddoo tana dhiisii naannoo tokko bulchuu hin danda’u. Kanaafuu, tooftaa qoqqooduu kanatti fayyadamee, maatii irraa eegalee hanga sadarkaa ministeeraatti akka ummanni afaan tokko hin taane godhee, humnuma ummataatiin ummata gabroomfataa jira. Haala wanti tokko itti ijaarame yoo beekan, diiguun salphaadha. Dura tooftaa isaa kana, gadi fageenyaan ummata hubachiisuun hedduu barbaachisaadha.
Qabsoo karaa nagayaa kanaan fiixa/galma gahuu ni dandeenyaa? Akka hubannoo kiyyatti, tarsiimoo itti dhimma baanutu murteessaa. Fkf, hiriira bahanii mormii garsiisuudhaan sadarkaa addunyaatti, mootummaa gabroomfataa saaxila baasanii, diplomaasiin moo’achuun ni danda’ama. Haa ta’uu garuu, yoo galmi qabsoofnuuf mootummaa kana ofirraa buusuu tahe, jarri gargaarsa faa yoo dhoorgatte malee, nurraa waan buusan hin se’u. Sababa kanaaf hiddi ciramuu qabu biyya keessa jiraachuu hubachuun barbaachisaa. Mootummaa kana ofirraa buusuuf, laamshessuu/jalaa hiddi isaa nyaatamuu qaba. Kana godhuun kan danda’amu: 1) Ba’aa humna isaa laamshessitu/laaffistu irra kaa’uu Hiriira bahuun, mootummaarratti hojii dabala. Ummata hiriira bahu kana too’achuudhaaf, baasii guddaa baasee humna waraanaa ramada. Nyaataaf, geejjibaaf fi kkf baasii guddaa baasa. Fakkeenyaaf osoo Oromoon walii galee godinaalee fi aanaalee jiru hunda keessatti hiriira godhee, Wayyaaneen too’achuu dhiisii guyyaa san baqattee akka yaatu ani shakkii hin qabu. Maaliif yoo jetta, akkuma durarratti kaase humni isii guddaan tooftaa qoqqooddee bulchuuti; sun harkaa fashallaan waraannis harkaa baha. Kun akka ta’uuf Oromoon hundi bu’aa hiriira bahuun qabu, walhubachiisuun barbaachisaa; waan itti amanan godhuun namaaf salphata waan ta’eef. 2) Qabeenya saamaa jiran, harkaa fashaleessuu Asirratti tarsiimoo hiriira bahuu kanatti dhimma bahuun barbaachisaadha. Hiriira yeroo baanu, carraa ummanni wal arguufii waldhaga’uu akkasumas gurmuu walii ta’u waan ta’eef, yoo barbaadan gaara jigsuunis isaaniif salphaadha. Fkf, Alaamuddiin baajata humna waraanaa kennee, wayyaanee gara Gujiitti bobbaase.
Fkf, Alaamuddiin baajata humna waraanaa kennee, wayyaanee gara Gujiitti bobbaase. Maallaqni sun warqii Gujii keessaa qote. Sababa kanaaf, carraan yoo jiraate, dhaadannoo qofa dhageessisuu osoo hin taane, maashinootaa fi haala inni warqii qotuuf mijeeffate san hunda jalaa barbadeessuun irra bu’aa qaba. Waan san deebisee dhaabuuf baajata guddaa isa barbaachisa akkasumas shakkiin ammas deebisanii barbadeessan jettu waan itti uumuuf, itti deebi’uu dhabuu danda’a. Tarsiimoolee qabsoo amma deemaa jirtu keessatti fayyadaman tan miidhaa qabdi jedhee ani yaadu, tarsiimoo barnootni bilisummaan booda (BBB) jettuudha. Miidhaa isiin qabdu keessaa: 1) Mootummaan gabroomfataan tokko akka ummanni walitti dhufu hin fedhu. Sababni isaa, ummanni walitti dhufe, odeeffannoo walii dabarsa, wal mar’ata, mala dhawa. Yeroo hedduu qabsoon barattootaan dursuun isaa sababni tokko kana. BBB jennee barnoota dhiisuun, waan mootummaan gabroomfataan barbaadu godhuudha. 2) Mootummaan gabroomfataan ummata gadi qabuuf baaja kamiiyyuu argannaan itti dhimma baha. BBB jennee barnoota yoo dhiifne, baajata barattootaaf baasu san ganda keessaa deemee barattoota adamsuuf itti dhimma baha. Kanaaf, tarsiimoon BBB jettu, amala mootummaa kanaafi haala keess jirru waliin waan deemu natti hin fakkaatu.
Murannoofi abdii osoo du’aa jiruu ija isaa irra mul’attu laalaa.
Mooraan Qabsoo Bilisummaa Oromoo maaf itituu dhabe? Dubbii kanaaf deebii heddun akka kennamu namaaf gala,waan namni jedhu haga tokko yoo kaafne ,garii oromootu walii hin galu jedha, gariis hogganootatu dadhaboo dha jedha,kaan ammoo beektotatu qabsoo keenyatti hin hirmaatne jedha,kuun ammoo oromiyaa walaboomte ijaaruutu addunyaa fi oromota garii biratti fudhatama dhabe jedha, murni tokko ammoo oromiyaan sabaa fi sablammotan waan marfamteef cituun hin mijatuuf jedhu ,hangi tokko ammoo oromumma fi ethiopi’ummaatu MQBO keessatti wal danqaa ture fi hedduu dha.walumaa gala rakkoolee kana kan keessatti hirmaatee fi itti siqeenya qabu waan hedduu rakkatu natti hin fakkataatu. Ani waan natti mullate hanga tokko irraa jedheen gara yaada kotiitti drba. Diinni ABO dahabsiisuu fi qabeenya oromoo saamee humna waraanaa fi tikaa ittiin ijarrachuun biyyoota qabsoo oromoo deggaran garii haleelee sodaachiisuu fi garii ammoo maallaqaan bitee karaa hunda ABOtti cufuu fi lafa irraa dhabamsiisuuf qawwaa itti dhimma hin bahin hin qabu. Kana malees demokiratawaa of fakkeessun mootummota addunyaa gowwomse fi maqaa goolessitootan rukkuta jedhuun mallaqa ,meeshaa fi deggers basaasotaa USA aragatee sanatti dhimma bahuun alaa fi keessan schii ABO dhabamsiisuuf waan hedduu hojjete. Kana alas maallaquma oromoon oromoota garaa isaniif bulan hedduu bituun ABO diiguu, caccabsuu fi hawwaasi oromoo akka ABO hin deggerre gochaa ture fi jiras, gurmuu isaa facaasuu irratti gad jabenyaan dalage. qor-qalbii uummata oromoo biyya keessaa miidhuu irrtti waan hin godhin hin qabu. Hiyyoomsuu, beelessuu,lafa irraa buqqisuu, biyyaa ari’uu fi kkf fi hedduu dha. Dogoggoraa fi seenaa darbe irraa maal baratna Dhaaba, Jaarmiyaan hawwaasaa Waldaalen garaa garaa?
Seenaa darbe jechuun waan hedduu dha. gochaa gaarii, dogogora gadhee , waan nama gammachiisanii fi waan nama gaddisiisan of keessaa qaba. kana yammuu kaafnu isa tolaa tahe irraa baratnee fudhatnee fuula duratti ittiin tarkanfatna . Isa gadhee tahe ammoo qaama dadhabiinsatti hubatnee irraa barachuun dogoggora akkasii gochuu irraa of tiksuun karaa qajeelaa irra akka sossonu nu taasisa. Yeroo hunda dogoggorri maaliif tahee qofa osoo hin taanee akkamitti tahee xiinxaluutu nama barbaachisa kanaaf kan oromoon yammuu makmaaku ”bakka itti kufte osoo hin taane bakka irraa mucucaate ilaalii” waliin jedhuuf. Dhaaba,waldaa amantii, fi ijaarsa hawaasaa tokko keessatti seera lafaa qabaniin wal gorsuu ,wal diniinuu fi adabanii wal sirreessuu yoo baatan badiin daangaa godhachuuf hin deemu jechuu dha ,akka kanatti jaarmiyaas tahe waldaan sun sirna dhablootan liqnifamee jireenyi isaa iyyuu gaaffii jala gala jechuu dha. Kun ammoo kan inni warren ani harmaan olitti tuqe keessatti bayyatuuf sababaalee hedduutu jira. Innis gandummaa, amantii , garee ,dantaa wal irraa qaban sodachuu fi maqaa walii tiksuu irraa madda. Wanneen akkasii yammuu dalagaman daddafiin iggitii itti gochuu baatnan jaarmiyaa , waldaas tahe gurmuun sun gad malee ol hin deemu sababni isaas badii yeroo tookko nam tokkees tahe gartuu badii san dalage daangaa itti gochuu yoo baatan, kan biraa sirreessu waan nama dhorkutu jira innis, Nam tokkees tahe gartuu amma nuti adabuuf deemnu sun tole nuuf hin jedhan sababni isaas isa dura darbe san gatii ganda kee taheefii dhiiftee, inni eenyuu? ani maalii ? jechuutu dhufa. Kana booda inni badii dalagees ,inni utuu gaafatama qabu sirreessuu dhiisee fi inni callisee ilaales badii wal fakkataa qabatanii caasaa tasgabbii hin qabne keessa waliin sosso’u jechuu dha .
Riphee lolaa ykn mormituun tokko yoo tika, seera,heera,danbii adabaa fi naamusa akka sibilaa jabaatu kan mootummaa mormu san ol dachaa dachaa caalu hin qabu yoo tahe ofumaa bakkuma jirutti deema malee akka silaa barbaachisutti hin milkaa’u. Maaliif yoo jettan diinni qaawwaa kanatti dhimma bahuun guyyuu isa laaffisa waan taheef keessaa iyyuu hawaasa oromoo biyya alaa kan diinni laaffisuu fi diiguu dandaheef inni guddaan kana. iji oromoo biyya alaa kun hedduun diina isaa of biratti hin argu. Kana malees wal nyaachaa waliin nyaachuun aadaa tahaa dhufeera biyya alaa kanatti. Kana jechuun nama oromoo diigu tokko utuma beekananii callisanii waliin jiraatu jechuu dha. Hogganooti jarmiyoolees tahan hawaasaa nama garee ykn ganda isanii tahe saaxiluu hin fedhan.kun ammoo beekaas tahe osoo hin beekin diinaaf hojjechuu dha. Yeroo ammaa kana diinni oromoo hedduun oromoo dhuma. Kan dantaa isaa malee dhumatiin lammii isatii itti hin dhagahmne dha. Yammuu diinni maqaa daysfooran mana iyyeesa sadii afurii diigee isaaf kennu kan isa gammachiisu,akkasuma inni ammoo biyya alaatii hawwaasa keessa jiru diigee ti kan inni diina biraa carraa kana argatu. kana jechuun diinni alaaf keessan milkaa’uu jechuu dha ”dhakaa tokkon shimbra lama ”akkuma jedhan. Akkasitti diinni lukeelee isaa biyya alattii dhabootaa fi hawwasa keessa kawwachuun namoota jajjaboo tahan summii yeroo nyachisaa fi olola sobaa irratti oofanii akka inni dhaaba ykn hawwasa san ala tahu gochuun dadhabsiisaa deemu. Gaaf saaxilamuuf jedhan ammoo dirqama ifaa diina irraa fudhachuu jalqabu.”Kan garaa garaa haa ta’u” jedhan. Namootni kanaan dura qabsoo bilisummaa oromoo keessatti dadhabanii beekaas tahe osoo hin beekin harra diinaaf dalagaa jiranis hedduu dha.isaan kun ammoo garii dantaan bitaman kaan ammoo olola diinaan gowomanii ti.
Basaasoti harra illee biyya ala kanaa hawwaasa keessa tahanii sochii oromiyaa keessatti tahaa jiru kana waan Abbaan Duulaa fi bitamtooti wayyanee warri oromoo ficcisiisaa jiran kun godhan fakkeessanii hojii ABO fi Qeerrootti bshaan naquuf yaalan ollaadhuma keenya jiru.Yoo nuti beekaadhuma arguu baatne malee .ABO maqaa ballessanii fi dadhabsiisanii dhabamsiisuuf warri carraqan nam tokkee fi dhaabota maqaa oromoon wayyaneef basaasanii fi QBO dhabamsiisuuf irratti hojjetanii dha. Warra kanaaf dhaamsi keenya horii fi lafa oromoo wayyanee saamtee isiniif laattee oromoo irratti isin bobbaaftu kana utuu hin nyaatin akka isin wayyanee waliin dhabamtan shakkii hin qabnu. Kan biraan gannoota hedduu daraban kana keessa kan hedduu nu laaffisee diina keenya dhiisnee akka wal nyaatnu nu godhe warren ani harmaan olitti tuqe kunneen yoo jedhe soba hin tahu. Akkan yaadutti wanti fuuldurratti nu deemsisu; ykn injifatnnootti nu geessu wal saaxiluu, tarkanfii wal irratti fudhachaa, wal sirreessaa, wal to’achaa fi kabajaan wal jala yaa’uun daandii naamusa qabuu fi abadatamaa ta’e irra deemnee dha . sababni seeroti hrman olitti tuqne kun tumamuufis kanaaf. Walumaa gala wanni ani dubbii kunneen kaaseef tarii laafina waan harmaan olii kanaan caccabiinsi nu mudatan kun dhufee laata yaada jedhu irraa tahuu mala. Jeneralota diina keessaa dhufanii kana irraa waanan heddutu abdatamee. abjuu tahee hafe. Yammuu isaan hiriiranii dhufan oromoo hedduutu abdiidhaan guutame ,gammades, maaliif jennan MQBO ogeessa waranaatu hirrata waan taheef jedhame. namooti gariin ammoo yoo xiqqate diina irraa hirrata kan jedhan qabu turan. Sun dansa garuu erga jarri kun dhufanii MQBO ni itite moo ni shororkahe jedhanii yaaduun gaarii natti fakkata, ”buddeen nama quubsu eelee irratti beeku jedha oromoon”ani yammuudhuma isaan lafa hiriiranii deeman wayyaneen callistee ilaalte naaf liqifamuu dide dubbichi.
Kana malees jarri kun gaafa dhufanis diina irraa nama tokko ajeesanii hin dhufne. Erga dhufaniis akkasuma, hinumaa iyyoo hogganoota QBO irratti umurii isanii guutuu fixan rashanuu fi WBO gameeyyii nama kudha torbaa ol galaafatuu isanii malee waan biraa waan agarre hin qabnu, kun dhugaa wal sobuu hin dandeenyee dha. Harra hoo maalitti jiru? Maatiin isanii biyya alaa ti akka fedhan galanii finfinnee keessa bashannananii deebi’u sanuu yeroo wayyaneen ilmaan oromoo jumlaan fixaa jirtu keessa. Kana hoo maal jettu?? ?,lafaa fi manni isaan oromoo saaman harra illee wayyaneen eegamaafii jira. Maaliif?? Kan biraan dhaaba tokkos tahe caayaan tokko dallaa saawwaa miti kan yeroo fedhan badii dalaganii keesaa utalanii bahanii yammuu fedhan ammoo akka fedhan gaaffii male itti ol seenan miti. Dhaaba tokko keessaa bahunis tahe itti deebi’uun seeraa qaba.yoo kan deebi’u illee tahe mirgaa fi dirqamni isaa daangawaa tahuu qaba. Kan biraan dhaabi saba tokkoof qabsoo godhu nama kaleessa saba isaa gar malee diina waliin hiriiree miidhaa ture callisee dhuma ofitti hin dabalu, yoo kana tahe innis miidhaa san keessaa harka qaba yoo jedhan cubbuu hin tahu. Badiin osoo hin beekin dalagamee fi dogogorri daangaa qaba. Dhaabota waliin tokko taana jennu kana keessatti waan hedduu argaa jirra. Innis warri kaleessa dhiiga ilmaan oromoon laaqaman suufii, kaakii fi harki isanii dhiiga ilmaan oromoon xuraawe harras saalfii tokko malee yammuu diinni akka qodaa cabee darbate of keessaa baasu warri ofitti fuudhanii gandaa fi gareen wal muudan kana iji keenya yammuu argu ekeraan obbolaa keenyaa waan nu dhiisu nutti hin fakaatu. Dhiignni ilmaan oromoo gad naqamame kun kan salphatti bira darbamus jedhanii yaaduun nama rakkisa. Wanti kan darbe darbeera, kan du’e hin galalu,bishaan darbe hin warabatan jedhu sun dogoggora guddaa dha.
kana jechuun kanneen diina wajjin hafanii oromoo fixaa jiraniin abshir jedhanii jajjabeessuu dha. kun ammoo inni uummaticha fixaa turee dhufes tahe inni simatees diinuma uummata dhumaa jiru sanaa tahuun isaa ifaa tahuu qaba. Dubbii kana harra maaliif kaastee? yeroon kun yeroo waliin hojjetan malee yeroo wal komatan mitii jechuu dandeessu, kun dhugaa dha yaadaan namuu akkasuma hawwa. hojiidhaan garuu kan argaa jirru faallaa isaa ti .Sababni isaas jarri kun harras yammuu oromoon walitti dhufee hirree tokko tahee dhaaba tokko ABO biyya tokko oromiyaa fi hiiree tokko bilisummaa jechaa tarree tokko irratti golee oromiyaa maraa ol kahee wal irratti dhumaa jiru kana maqaa jijijjiiraa fi alabaa sararaa ooluun hojii uummata oromoo laaffisuu fi walitti buusu dalaguu irraa hin dhaabbatne waan taheefan kaasa. Ethiopia dullomtee raafamtuu fi oromoota duukaa kufuuf raafamaa jiran. Warri harra illee yammuu abjootan ethopia demokratofte malee oromiyaa walaboomte iji isaanii arguu hin dandeenye ni jiru. Isaan kun ammoo oromoota habashoota caalaa ethiopi’ummaan sabboonan jechuu dha. jarri kun hanga gaafa ethiopian dulloomte kun isaan waliin dhabamtutti tokkummaa oromoo diiganii kan ethiopia ilmaan cunqurfama hundi jibbe san suphuuf gad hin ciisan. Haa ta’u malee warri kun miilana yammuu abjuu keessaa dammaqan oromoo oromiyaa maraa keessaa yeroo tokkon kahee, wal tahee Oromiyaan kan oromoo ti. diinni dachii keenya keessaa nuuf haa ba’uu fi ofiin of bulchina jechu argan ittumaa qaajja’amaa jiru. Gariin isaanii warra ethiopia durii afaan tokko amaariffa, Amantii tokko ortodoksii fi Alaabaa tokko magariisa,keelloo fi diimaa jalatti habashootaaf qomma’ee buluu fedhuu dha. Maaliif yoo jettan jarri harra iyyuu waan kun hundi harkaa hin buune waan taheef .warri kaan ammoo jara tigireekan maqaa federalaa of harkaa qaban duukaa akka dhalladduu bishaan keessaa raafamaa jiru.
Hanga gaafa galaanni gudeesha gangalchee fidee isan irra ba’utti waan gar tokkotti lucca’an hin fakkatan. Walumaa gala warra injifatnnoon amma argamaa jiruu fi alaabaan amma oromiyaa guutummaa keessatti dhaabamaa jiru kun maaf karaa keenyaan ala ta’e jedhanii asii fi achi wixxifachaa jiranis mullatan, Waanti nama ajaa’ibu garuu jarri kun dhuguma uummatnni oromoo roorroo jalaa bahuu ni fedhuu? Utuu tahee abbaan fedhe iyyuu haa fidu milkii waggaa 40 ol barbadamaa turetti hin hinaafan ture. Warra kanatti itti rakkachuun hin mbarbaachisu, maal goona ree isintu fedhii uummata keessanii ala deemee jechuun gahaa dha. ABOn amma uummatni oromoo fedhiinis tahe humnaan sii wajjin jirra jechaa jiruu fi alaabaan amma oromiyaa guutumma irratti fannifamaa jiru kun kan dhiigni ilmaan abbootii isanii fi ilmaan isaniin kallattii arfaniin irratti dhangala’ee addana gahee dha malee, kan warri ethiopia badhaasan miti. Dhaabni ejjetnnoo jabaa qabu fi fedhii uummata isaatii jala deemu qaroomaa dha. Onnee uummata isaa keessa waan jiruuf galii baheef sana waan hin geenyeef hin qabu . Fulmaata jedhee kanan yaadu habashoota ganna dhibba tokkoo oliif uummata keenya dhiiga xuuxaa turee uummaticha gargaarun humnaan irraa fonqolchanii akka dhiibbaa tokko malee uummatichi hiiree isaa ofiin murteeffatu gochuutu karaa dha malee habashaa jaarraa tokkoo oliif lafa irraa isa daguugaa jirtu waliin gungumuun fulmaata waaraa hin fidu. Kun ammoo kani inni milkaa’u dhoksaa tokko malee ifatti walitti himuun barbaachisaa dha . lubbuu uummata keenya lafa irraa daguugamaa fi qabeenya keenya saamamaa jiruuf bakka laachuun gaafatama seenaa jalaa ba’uu dha. ”dhoksaan fanxoo hin fayyisu” akkauma jedhan. Kan biraan hirmannan hawwasotaa utubaa qabsoo saba tokkoo ti .Hawwaasni ititaan walii gale dhaabota ykn jarmiyoota irra humna qaba.
Kan biraan hirmannan hawwasotaa utubaa qabsoo saba tokkoo ti .Hawwaasni ititaan walii gale dhaabota ykn jarmiyoota irra humna qaba. Sababni isaas maddi jara kana hawwasa sana waan taheef. Isaa ala hin jiraatamu, akkuma qurxummii galaana keessaa ti .Hawaasnni ititaanii fi jabaan dhibuun akka dhaaboti bibixalamaa olaan fi laaffatan taasise. Kanaaf naannoo jirru hindaatti hawaasa ijaaruu fi jabeessun itti haa fufu. Dhuma irratti yeroon harra keessa jirru kun baayyee murteessaa dha.uummatnni keenya diina waliin morma wal hudhee jira. Kanaaf namuu waan dandahe hundaan bira dhaabachuun wareegama qaqqaalii kaffalamaa jiru kana injifatnoon akka xumuramu goochuu dha. Tahuu baatnaan diinni uummata keenya isa dhumaa lafa irraa dhabamsiifti. Dogoggora koof na ofkalchaa. Injifatnnoon uummata oromoof ! !! .
Dubaratoota Oromoo Biyya UK waajjira Muummee Minsteera UK Deeviid Kaameruun fuula dura Buluun sagalee ummataata Oromoo dhageesisaa jiru Amajjii 6 Bara 2016) Waldaan Dubaratoota Oromoo Biyya UK ajeechaa fi hidhaa ilmaan oromoo irratti mootummaa faashistii Abbaa Hirree TPLFn gegeeffamaa jiru balaaleffachuun Amajii guyyaa 5-7 guyyoota sadiif osoo wal irraa hin kutin waajjira Muummee Minsteera UK Deeviid Kaameruun fuula dura Buluun sagalee ummataata oromoo dhageesisaa jiru.suuraan kunis kanuma muul’isa
Falmattu malee Adunyaan dantaa kee hin qabdu..
Qeerroo Yuunivarsiitii Madda Walaabuu, Baalee Oromiyaa irraa!
Ilmaan Oromoo dhalootaan naannoo Jimmaa taatan maraaf! (Waamicha kana hatattamaan walii raabsaa, keessumattuu warri gara Jimmaa) Waamicha seenaan isinii dhiheessaa jirtu jalaa yeroodhaan owwaadhaa! (Boruu Barraaqaatiin) Oromiyaan ciniinsuu warraaqsaa irra jirti. Bilisummaa dahuuf ciniinsuu jabaatti jirti. Ciniinsuu Oromiyaa kana kan itti jabeessus, kan laaffisuufis numa ilmaan Oromoo ti. Yoo walii birmannee waliin dhaabbanne, harmeen Oromiyaa ciniinsuun isii laafeefii daftee offalti. Yoo tokkoo du’uu kaan maal-na-dhibdeedhaan afaan qabatee moggaa dhaabatu garuu ciniinfuun harmee Oromiyaa dheeraa fi ulfaataa taha. Haa tahu malee hanga turu turus Oromiyaan teenya offaltee bilisummaa hawwamu dahuun isii waan hin oolle. Gara dubbii kaaneefitti cehaa jirra. Yuniversiitiin Jimmaa biyya Oromoo magaalaa Jimmaa keessatti argama. Ilmaan Oromoo kutaa adda addaa irraa carraan gara yuniversiitii kanaa isaan geesses akka gammachuudhaan gara magaalaa kanaa dhaqan shakkiin hin jiru. Yoo xiqqaate hiriyoota akka isaanii kan barnootaaf jecha carraan gara yuniversiitiiwwan naannoowwan kaabaa isaan geessee manna, biyya abbaa isaanii dachii Oromiyaa irratti barachuuf carroomuu isaaniif gammadu. Haa tahu malee wayta fincilli barattoota Oromoo yuniversiiticha keessatti dhoowu akkasiitti, odeessi dhimma kanaan wal qabatee magaalaa Jimmaa irraa bahaa jiru gammachiisaa miti. Barattoonni Oromoo yuniversiitii Jimmaa irraa adamsaman bakka dhokatan wallaalanii akka malee rakkachaa jiru. Dhiiga kooti diinatti nan kennu jedhanii hawaasa naannochaa kna Afaan Oromoo dubbatutti yeroo baqatan, gariin qabamanii diinatti kennamaniiru. Gariin ammoo ‘Nuti nagaa barbaannaa, nurraa deemaa’ jedhamanii fuula dhowwatamani. Har’a bara sabboonummaan Oromoo dagaage jedhamu kanatti kana dhagahuun hedduu nama dhukkubsa. Haalli gaddisiisaa fi qaanfachiisaan kun bifa kamiinuu tahu dhaabbachuu qaba.
Barattoonni keenya Oromoo kutaa adda addaa irraa barumsaaf jecha Yuniversiitii Jimmaa jiran akka nama Oromiyaan ala jirutti alagummaan itti dhagahamuun dhaabbachuu qaba! Akka waan Maqalee yokiin Gondor jiranitti fira gaafa rakkoo itti baqatan Jimma keessatti dhabuun raaw’achuu qaba! Kana kan dhaabsisuu danda’u ammoo eenyuyyuu caalaa dhalattoota Oromoo kutaa kanaa kan sabboonummaa wayyaa qabanuu dha. Dhalattoonni Oromoo kutaa kanaa kan biyyoota alaa adda addaa keessa jirtan, akkasumas, kanneen godinaa sana keessatti sodaadhaan liqimfamtanii sagaleen keessan dhokate waamicha kana jalaa hatattamaan owwaadhaa! Warri biyya alaa jirtan firaa fi maatii keessan Jimma jiranitti bilbiluudhaan: 1. Dargaggoonni kutaa kanaa wal gurmeessanii sagalee tumsa Oromummaa akka dhagessisan, 2. Barattoonni manneen barnootaa sadarkaa lammaffaa magaalaa Jimmaa fi aanaalee irratti argaman hundi ‘Gaaffii mirga abbaa biyyummaa kan ummanni Oromoo Oromiyaa guutuu irraa dhageessisaa jiru gaaffii keenya waan taheef ni deeggarra’ jedhanii akka socho’an, 3. Hawaasni naannochaa iccitiidhaan wal gurmeessee barattoota Yuniversiitii Jimmaa kan diinni adamsinaan bakka itti dhokatan dhaban barbaadee ofitti akka fudhatu. Bakka qubsumaa dhokdaa qopheesseefii akka nyaachisu, akka obaasu, yoo madaahan akka waldhaanu, yoo hidhaman akka galaa geessuuf, maatii isaaniitti bilbileefii akka wal qunnamsiisu gad jabeessaa dhaamaafii. Hawaasa naannichaa keessaa warra osoo sabboonummaa qabanii garuu harka qallina irraa kan ka’e gargaarsa kana barattootaaf gochuu hin dandeenyeef maallaqa erguufiidhaan tumsa kana milkeessaa. Yaa hawaasa Oromoo Jimmaa! Kan Jalduutti du’aaru Oromoo dha. Kan Ambotti du’aa jirus Oromoo dha. Kan Najjotti dhiigni isaa jigaa jiru Oromoo dha. Kan Horrootti biyyoon nyaataa jirtu Oromoo dha.
Kan Haramaayaatti kufaa jirus Oromoo dha. Kan Hiirnaatti lubbuu dhabaa jirus Oromoo dha. Kan Adaabbatti du’aa jirus Oromoo dha. Kan Bulee Horaatti, Oolan Cittiitti, Sulultaatti, Buraayyuutti, Gabra Gurraachatti kufaa jiru hundi Oromoo dha. Jimmis Oromoo dha. Hidda isaatu muramee dhiigaa jira. Hiddi ofii yeroo murame dhiiguu hafuun faallaa seera uumaa ti. Xannachi silaa xannachumaa, hin komannu. Hiddi ammo hidda waan taheef hidda isaa waliin dhiiguutu irraa eegama. Sana tahuu baannaan, ‘Hidda malee xannachi hin dhiigu’ makmaaksa jedhu nama yaadachiisa. Hidda tahanii hidda ofii waliin dhiiguu hafuun ‘xannacha’ nama fakkeessa waan taheef. Dhiigni ilmaan Oromoo bakkoota reefuu maqaa dahawamanii fi kan biroo mara keessatti lola’aa jiru walitti yaa’ee odaa bilisummaa akka biqilchu shakkiin hin jiru. Dhiigni gootota Oromoo kun hundi walitti baqee simintoo tahee galma bilisummaa Oromoo akka jaaruuf jirus hin shakkamu. Kana kan mamu yoo jiraate isa murannoo fi jagnummaa ummanni Oromoo ha’a agarsiisaa jiru hin beeyne qofa. Kanaafuu wareegama seena-qabeessa kafalamaa jiru kana keessaa hirmaachuuf yeroo itti wal dorgoomamu malee yeroo itti du’a, reebichaa fi hidhaa sodaatanii afaan qabatanii ‘haa bultu dubbiin’ jedhan keessa hin jirru. Muktaar Kadir Oromoo Jimmaaf addatti aannan samii irraa gad roobseef hin qabu. Jimmaaf addatti worqee afeef hin qabu. Madaa gabrummaa isuma Oromoo hunda belbelaa jirutu Oromoo Jimmaas waadee guggubaa jira. Maqaan Jimmaa sababa Muktaar Kadirii fi Asteer Maammootiin akka malee xuraahuu fi balfamuutti jira. Akka argaa jirutti Jimma wiirtuu fi madda hogganoota OPDO gurguddoo bara kanaa taatee laalamaa jirti. Master plaanii sana qondaalonni OPDO hundi yoo morman Muktaarii fi Asteer qofatu Abbaay Tsahaayyeetiin wal tahee akka hin haqamne hambisiise.
Kun olola miti, dhugaa ragaa qabuu dha. Muktaarii fi Asteer ammoo bara dheeraa hawaasa Jimmaa keessa jiraachaa turanii kan qajeelfama Mallas Zeenaawiitiin yeroo tokkotti ol baafamanii dha. Namoonni kun lamaan dhiigaan Oromoo tahuu malu, tahuu dhiisuus ni malu. Wanni ifaan tokko garuu, jara kana lamaanuu kan filee bakka sanaan gahe Oromoo Jimmaa osoo hin taane Wayyaanota Tigree ti. Haa tahu malee, wayta Oromiyaa guutuu keessatti sabni keenya diddaadhaan lafa sochoosaa jiru kanatti Jimma yoo callisu tumsa Muktaarii fi Asteer Maammoo fakkaachuu danda’a. Waan Jimmi Oromiyaa hafe irraa addatti sirna kana irraa bu’aa guddaa wayii hammaarrachaa jirus ni fakkeessa. Kanaafuu, xiiqiin nu dallansiisee lafaa ol hin kaanu taanaan boru seenaa kochuun hin danda’mu. Maqaan Oromoo Jimmaa wayta dhimmi amantii Islaamummaa kahu yeroo hundumaa hawaasa Itoophiyaa keessatti toora duraa irratti ka’uun beekamu, yeroo dhimma Oromummaa immoo jijim jedhee callisuun gaaffii guddaa nama keessatti uumaa jira. Musliimummaa yoo taate saba Oromoo keessaa musliimni Jimma qofa miti. Amantiin Islaamaas qabsoo mirga abbaa biyyummaa ni jajjabeessa malee dura hin dhaabbatu. Qabsoon ummata Oromootuu kaleessa yeroo tokko jettee lafaa kaatu qooda Sheekotaa fi hajoota Oromoo gurguddootiin milkooftee deemaa as geesse. Kanaafuu kan Oromoo tahee yeroo dhimma amantii dhiigni isaa danfee yeroo dhimma Oromummaa garuu afaan qabatee usu maal jedhama? Hanqina kana sirreessuudhaa fi toora gootummaa Oromummaa keessatti hiriiruudhaaf dhalataan kutaa kanaa, keessumattuu dhaloonni qubee xiiqiin isa qabee lafaa ol ka’uu qaba. Xurii xiraawaa seenaan kutaa kana irratti haqattee dabraa jirtu osoo yeroon hin dabarre of irraa qulqulleessuu barbaachisa. Tahuu baannaan garuu, Oromiyaan Jimma fincilatti dabalamus dabalmuu baatus bilisoomuun isii waan hin oolle. Gaafas garuu dhalataan kutaa kanaa anis Oromoo dha jedhee Oromoo wareegama isaatiin bilisoome faana mataa ol qabatee mul’achuun rakkisaa taati!
Gaafas garuu dhalataan kutaa kanaa anis Oromoo dha jedhee Oromoo wareegama isaatiin bilisoome faana mataa ol qabatee mul’achuun rakkisaa taati! !
Haala kanaan oolanii glagla kana dormitti naqamanii eeggamaa jiran.
Qabsoo Hindi (India)irraa maal barra? Nageessaa Oddoo Duubee Qabsoon mirga sabaaf ykn abbaa-biyyummaaf taasifamu kamuu waantota armaan gadii guutachuu qaba. A. Obsa B. Murannoo C. Qophii Sammuu (Beekumsaa fi tooftaa) D. Woreegama Qabsoo wolabummaa Hindi India independence movement sababa bittaa Ingiliz (1858-1947) irra tureef kan jalqabane. Qabsoon Hindoitaa gulantaalee fi bifa garaagaraa qaba ture. Gariin non-violent yo ta’u gariin revolutionary ( worraaqaa) turan. Isaan keessaa jaarmiyaan Indian National Congress(INC) jedhamee beekkamu qara qabsoo hidhannoo kan jalqabe ta’ulle boodarra gara qabsoo nageellittiitti jirjiirame. INC namoota bebbeekkamoo fi kabajamoodhaan kan hundaa’ee ta’ee gaaffiin jaarmiyaa kanaa mirgoota bu’uuraa kan akka wolqixxummaa hojii argachuu, mirgoota diinagdee kkf ture. Jaarraa 20ssoo keessa garuu hoggantoonni radical (gonnonneessitoonni)* akka LAL, PAL, BAL fi AUROBINDO GHOSH jedhaman dhufanii gaaffii jajjabduun (wolabummaa/political independence) gad bayan. Bara 1920tti qabsoon INC yaada hogganaa isaanii Mohandas Karamchand Gandhi fudhachuudhaan qabsoo Diddaa Lola-malee (non-violent resistance) irratti woliigalanii itti fufan. Qabsaawonni Hindii bebeekkamoon qabsoo hidhannoo (irree) ti cichan kan akka Netaji Subhas Chandra Bose fi Bhagat Singh karaan nu baasu kanuma qofa jechaa turan. Qabsoo Hindii finiinsuu keessatti gaheen barreessitoonni, wolaleessitoonnii fi weellistoonni qaban baayyee dha. Poets & writers such as Allama Iqbal, Mohammad Ali Jouhar, Rabindranath Tagore,Subramaniya Bharathi and Kazi Nazrul Islam used literature, poetry and speech as a tool for political awareness. Weellistoota fi barreessitoonni akka Allama Iqbal, Mohammad Ali Jouhar, Rabindranath Tagore, Subramaniya Baharathi fi Kazi Narul Islam wolaloo, katabbiiwwanii fi haasawa isaaniin dammaqina siyaasaa guddaa uuman.
Feminists such as Sarojini Naidu and Begum Rokeya championed the emancipation of Indian women and their participation in national politics. Dubartoonni akka Saaroojinii Nayiduu fi Beegam Rokeya dubaroonni Hindii akka bilisa tahanii siyaasa keessatti hirmaatan dadammaqsuu fi ijaaruudhaan gahee guddaa taphataniiru. Babasaheb Ambedkar ammoo gurmuu hawasaa miidhamaa fi tuffatamaa (Fakkeennaa fi biyya keennatti tumtuu fi Duugduun akkuma tuffatam Hindi keessa gosoota cast jedhamanii hawaasni ifi keessaa xeelleggatu hedduu turan) ijaaruudhaan Qabsoo wolabummaa keessatti hirmaachisuudhaan gumaacha guddaa taphate. -Babsaheb Ambedikar championed the cause of the disadvantaged sections of Indian society within the larger independence movement. Yennaa Lola Addunyaa Lammeessoo qabsoon wolabummaa uummata Hindii bayyee cimee finiine. Yeroo kanatti Waamichi Diddaa fi mormii QUIT INDIA MOVEMENT jedhamuu fi Gaandiin hogganamu dhiibba guddaa biyyittiirratti fiduudhaan dhalattoonni Hindi kan Humna woraana biyyoolessa Hindi kan Ingiliz toowattu akka diduu fi ganu taasise. Diddaanii fi murannoon loltoota Biyyoolessa lammiiwwan Hindi kan bara 1946 Ingiliz rifachiisee dirqamtee akka biyya Hindi gallakkistu taasise. The period of the Second World War saw the peak of the campaigns by the Quit India movement (led by Mahatma Gandhi) which had a feeble impact and the Indian National Army (INA) movement (led by Netaji Subhas Chandra Bose) which had a gigantic impact that not only triggered Royal Indian Navy Mutiny in 1946 but also had significant impact on British Indian Army, eventually resulting in the withdrawal of the British under compulsion. Bhārat Chhodho Āndolan), or the India August Movement (August Kranti), was a civil disobedience movement launched in India during World War II on 9 August 1942 by Mohandas Karamchand Gandhi. [1] The All-India Congress Committee proclaimed a mass protest demanding what Gandhi called “An Orderly British Withdrawal” from India. It was for the determined, which appears in his call to Do or Die, issued on 8 August at the Gowalia Tank Maidan in Mumbai in 1942.
It was for the determined, which appears in his call to Do or Die, issued on 8 August at the Gowalia Tank Maidan in Mumbai in 1942. The British were prepared to act. Almost the entire INC leadership, and not just at the national level, was imprisoned without trial within hours after Gandhi’s speech. Gaandiin bara Hageyya 9, 1942 “British biyya keenyaa haa baatu!” Jechuudhaan mormii cimaa diddaa uummataa waame. Akkuma Gaandiin gadbahee labsii tana dubbateen isaa fi hoggantoota INC maraa hidhe. Most spent the rest of the war in prison and out of contact with the masses. The British had the support of the Viceroy’s Council (which had a majority of Indians), of the All India Muslim League,the Hindu Mahasabha, the Rashtriya Swayamsevak Sangh, the Communist Party, the princely states, the Indian Imperial Police, the British Indian Army and the Indian Civil Service. Many Indian businessmen were profiting from heavy wartime spending and did not support Quit India. Many students paid more attention to Subhas Chandra Bose, who was in exile and supporting the Axis Powers. Sochiin jaarmiyaalee garaagaraa kunin biyya Hindi gara Bilisummaa ti geesse. Kanumaan bara 1947 Lallaba Wolabummaa Hindi labsame. Hindii fi Paakistaan Ingiliz jalatti biyya tokko turan. Sababa garaagarummaa fi woldhabdee amantaatiin Bilisummaa duuba biyya garaagaraa ta’an. Gaandiin akka Hindii fi Paakistaan wolitta hin buune waan hin godhin hin qabu. Garuu hin danda’amne. work of these various movements led ultimately to the Indian Independence Act 1947, which created the independent dominions of India and Pakistan. India remained a Dominion of the Crown until 26 January 1950, when the Constitution of India came into force, establishing the Republic of India; Pakistan was a dominion until 1956, when it adopted its first republican constitution. Indian independence movement was a mass-based movement that encompassed various sections of society. It also underwent a process of constant ideological evolution.
Hiriira Mormii Godinaa Arsii fi Ka Wallaggaa Bahaa Keessaa WASHINGTON, DC (VOA Afaan Oromoo) — Godina Arsii Anaa Muneesaa magaalaa Qarsaa keessatti barattonni mana barumsaa sadarkaa lammaffaa fi qophaa’inaa kibxata Bitooteessa 15 bara 2016 hiriira mormii gaggeessuun waraanni Agaazii qubatee jiru haa ba’uu, murtiin haqaa nuuf haaeegabuu, mirgii keenya haa eegamu jechuun gaafatanii jiran.Yeroo kanattis polisiin naannoo fi Federaalaa hiriirtoota diguuf reebaa fi Gaaza himiimaansuun gargaaramuu isaanii barattonni ibsanii jiru.Yeroo gabaabaa keessatti waraanni mootummaa seenee reebicha hamaa geesisuu isaa fi barattonni lakkofsaan torbaatamaa ol ta’an hidhamuu jiraattoota keessaas namoonniishan dararaa barattoota irratti gaggeffame bilbiila harkaan waraabdan jedhamuun hidhamuu isaanii ibsamee jira. Itti gaafatamaan waajiira polisii aanaa Muneesaa inspeekter Tarreessaa Dheereessaa barattonni hangi tokko kaleessa jeequuf yaaluu isaanii ibsanii amma hunduu nagaa jedhan.Jiraattoota keessa shan karaa foddaa waajiira isaanii haala ture bilbila harka isaaniin waraabaa turan jechuun eega qabamanii booda gadhifamuu dubbatan. Lakkofsa barattoota hidhamanii kan hin ibsine aangawaan polisii kun hunduu gadhifamanii kudhan qoftii dhimmi isaanii seeraan qoratamaa jira jedhu.Mummichi ministeera Itiyoophiyaa Haayle Maariam Dassaaleny Oromiyaa keessatti dogoggorri hojjatamuu kan amanan ta’us kan dubbataa jiranii fi kan amma qabatamaan ta’a jiru faallaa waan ta’eef kan dubbatan sun soba jedhu barattonni. Gama biraatiin, godinaa Wallaggaa Bahaa, aanaa Kiiramuu keessatti gara xumura torban dabree irra barsiisonni afurii fi dargaggoonni sadii humnoota poolisii aanichaan qabamanii achi-buuteen isaanii waan dhabameef jecha, Wixata dabre, Amajji 16, bara 2015 barattoonni manneen barnootaa magaalaa Kiiramuu keessa jiran marti hiriira bahuu isaanii dubbatu – barattoonni.
Gama biraatiin, godinaa Wallaggaa Bahaa, aanaa Kiiramuu keessatti gara xumura torban dabree irra barsiisonni afurii fi dargaggoonni sadii humnoota poolisii aanichaan qabamanii achi-buuteen isaanii waan dhabameef jecha, Wixata dabre, Amajji 16, bara 2015 barattoonni manneen barnootaa magaalaa Kiiramuu keessa jiran marti hiriira bahuu isaanii dubbatu – barattoonni. Akka barattoonni jedhanitti, barsiisonni aanaa Kiiramuu keessaa qabamanii achi-buuteen isaanii dhabame: Lataa Asaffaa, Katamaa (Carraa) Nagaasaa, Dhaabaa Soorii fi nama magaalaa Haaroo tii barsiisu, kan Eliyaas jedhamu. Dargaggoonni hidhaman sadeen immoo, Anumaa Adabaa, Efreem Temesgeenii fi Habtaamuu Oliiqaa ti. Humnoonni polisii aanaa Kiiramuu, barafttoota hiriira ba’anitti bobba’uudhaan reebanii, garii isaanii qabanii mana hidhaatti naqan – jedhan, barattoonni. Hiriirri geggeessame, ka jedhame akka quba hin qabne ka dubbatan – Itti-aanaa Itti-gaafatamaan dhimma nageenyaa aanaa Kiiramuu – Obbo Tseggaayee Oljirraa immoo, “barsiisota hidhaman jedhaman warri hidhe jiraachuu mala. Gama kiyyaan waanan beeku hin qabu. Dargaggoonni sadeen immoo dhuguma hidhamanii jiru. Ana tu dhimma isaanii hordofaa jira. Hattoota” jedhan.
Dhimmi Dabbasaa Guyyoo Mana Murtii Keeniyaatti Laallame Manni murtii Keeniyaa nama Dhabamuu Obbo Dabbasaa waliin walqabatee himatame irraatti ragaa dhaggeeffate. Obbo Dabbasan nama ganna 70ti, keeniyaa erga jiraachuu jalqabanii waggaa 30 ol yoo tahu, fulbaana 27 erga ayyaana Irreechaa miseensota hawaasa baqattoota Oromoo as Naayiroobii jiraatanii waliin kabajanii booda, bakka buuteen isaanii dhabame. Ergasiis maatiin isaanii mootummaa keeniyaaf kan beeksisan yoo ta’u, haga yoonaa garuu maanguddoon kuni eessa akka jiran baruun hin dandaa’amne. Dhimma kana ka hordofaa jiru Poolisii Keeniyaa yoo ta’u, nama dhimma kanaan wal qabatee shakke jedhu irrattis Mana Murtii Naayiroobii Makadaraatti bitootessa gaafa 16/2016 ragaa dhaggeeffattee sanaan booda ammas ragaa hafe dhaggeeffachuuf beellama onkoloolessa 13, bara 2016 tti qabatee jira. Haa ta’uyyuu malee hawaasni baqattoota Oromoo Naayiroobii jiraatan, Obbo Dabbasaa Guyyoo barbaachuudhaafsochii gahaan hin godhamne jechuun komatu. Obbo Dabbasaan mana obbo Shaamil Aliyyiitii bahanii dhabamani, Dhaddacha kan-irrattis akka ragaatti uffanni fi meeshaaleen aadaa Obbo Dabbasaan gaafa ayyaana irreechaa uffatanii fi qabatanii turan ka dhiyaatani yoo ta’u, dhimma kanaan wal qabatee abukaatoo obbo shaamil yoo gaafannu ‘meesholiinkuni mana obbo Shaamilitti argamuun ragaa guutuu ta’ee Obbo Shaamiliin yakkamaa hin taasisuu’ jechuun waraabbii sagaleetiin ala nuuf himanii jirani. Maanguddoon kun Lafa Keeniyaa keessa waggaa 30 ol jiraataniiru, irra caalaas baqattoota Oromoo as Naayiroobii jiraatani duukaadha baayyee walitti siqu turani. Hawaasa baqattoota Oromoo Naayiroobii jelatti gumii aadaa fi seenaa Oromoo baqattootabarsiisu tokko kan maqaan isaa isaa Argaa fi Dhageettii jedhamu keessatti, barsiisaa fi gaggeessaa akka turan miseensi gumii kanaa kan maqaan isaanii akka dhahamu hin feene tokko nuuf himaniiru.
Hawaasa baqattoota Oromoo Naayiroobii jelatti gumii aadaa fi seenaa Oromoo baqattootabarsiisu tokko kan maqaan isaa isaa Argaa fi Dhageettii jedhamu keessatti, barsiisaa fi gaggeessaa akka turan miseensi gumii kanaa kan maqaan isaanii akka dhahamu hin feene tokko nuuf himaniiru. Dhaddacha bitootessa 16 taa’ame kana irrattis, maatiin Obbo Dabbasaa Guyyoo argamanii jirani. Mucaan isaanii ka taate Darmii Dabbasaa Guyyoo akka jettuttii, dhimma mana murtii jiru kana irraa tarii abbaan koo argamuu…. argamuu dhabuus danda’aa anigaruu hamman danda’e kophaa koo ta’us deddeebi’ee gaafataan jira jetti. Poolisii Keeniyaas sadarkaa barbaachi maanguddoo kanaa maal irra akka jiru baruuf gaafannus, dhimmi kuni mana murtii jira kanaaf yeroodhaaf yaada itti kennuu hin dandeenyu deebii jedhu nuuf kennan. Onkoloolessa dhufus dhaddachi waa’ee dhabamuu obbo Dabbasaaf taa’u kuni kan inni walitti deebi’u, ragaa nama dhuunfaa tokkoo fi kan poolisii tokko dhaggeeffachuudhaafi.Visit website
Kufaatii OPDO mudate irratti gamaaggama guyyoota shaniif ta’ee Adem Misoma irraa (Bitootessa 27,2016) FXG finiinaa jiruun walqabatee kufaatii OPDO mudate irratti gamaaggama guyyoota Shaniif Galma Aadaa Oromoo Magaalaa Finfinneetti Hoogganaa Giddu Galeessa OPDO fi miseensota isaa giddutti taasifame goolabamuu isaa maddeen keenya gabaasaniiru. Kana irratti Cuunfaa gabasa kana kan ta’e gaaffii kaabinootni gaafatanii fi deebii argatan cuunfaan isaa kan armaan gadii kana dha. FXG guutummaa Oromiyaa keessattii qeerroo barattoota Oromootiin qabsiifamee ummata Oromoo hirmaachisuun ji’oota Afurii oliif Mootummaa Abbaa irree Wayyanne hiddaan raasaa jiruun wal qabatee, Mootummaa naannoo Oromiyati kan ofiin jedhu OPDOn soda Warraaqsa ummata kana irraa qabuun dhiphuu hamaa keessa kan seene Galma magaalaa Finfinnetti kaabinoota miseensota isaa garii waliin marii hatantamaa taasisaa tureera. Haaluma kanaan Kaabinoonni fi Miseensonni dhaabichaa hogganoota isaanii walgahicha geggeessaa turaniif gaaffii haala yeroo irratti hundaa’an gaafachuun yoo eegalan;OPDOn uummta oromoo bulchuu dadhabee humni ittisa biyyaa bulchaa jira;kun dhaba kanaaf salphina,caba guddadha kana akkamitti ilaala mootummaan naannoo Oromiyaa?jechuun gafachuudha gabaasaan nu dhaqqabe kan ifa godhu. Gaaffii itti aanuu yeroo gaafatanitti ammoo “Tontoommattee nutti haatattee achi deemiif as deemii nu wallaalchistee”akkuma jedhan,dhimmaa Mastar plan ilaalchisee ibsi kennamaa ture laaqamaa, maanxamaa fi waldhiitaa dha; kana irratti muummichi Ministeraa ajanda kana bara 2006 dhaabnee jedhe, Mootummaan naannoo Oromiyaa immoo hanga uummatni hin fudhannetti hojiirraa hin oolu hawaasa mar’iachiifna jedhaa ture, abbaan master plan kanaa hoo eenyu?jechuun gaaffii isanii akka dhiheeffatantu barame.
Itti dabaluun Gaaffiiwwaan biroo kanneen haala yeroo irratti rarra’an oggaa gaafatan, Afaan oromoo maaliif afaan hojii federaalaa hin taanee? OPDOn Ummata Oromoof qabsaawe erga ta’ee ummata mil. 40 olii kanaaf akkamitti hojjechuu dadhabee? Gama biraatiin ammoo Sabboontota mirga saba isaaniitiif falman waayaneen sadarkaa ministeeraatti akka muudaman hin fedhan kun maaliif taha? Oromoon mummicha minsteeraa, itti aanaas tahee hin beeku maaliif rakkoonsaa dandeettiimoo qabsoo dhaaba kanaan gaggeeffamutuu rakkina qaba? Fkn yoo fudhanne,jeneralota dhiyoo kana muudaman namoota 60 keessaa Oromoon nama lama qofa; isaaniyyuu otoo qoratamanii oromoo tahuu dhiisuu danda’u, Oromoon hin qabsoofne moo goota hin qabu maaliif akkas tahe?jechuun gaafachuudha maddeen kan addeessan. Gaaffiiwwaan xumura irratti mariidhaaf dhihaataniin, investmentiin Oromiyaaf bu’aa buusaa hin jiru; Ummatni kan Daangotee gubeef Oromoon fayyadamaa miti.“abbaa Ooruu Jaldeessi keessa kaase”akkuma jedhamu,Waardiyyaa karrarraa kaasee hanga hoggaanaa Warshichaatti fayyadamaan saba biraa taa’ee abbaan lafaa Oromoon osoo qabuu kan ofii dhabee rakkattuu fi kadhattuu ta’ee jirata kun maaliif ta’ee? Inveestimentiin naannoo Finfinnee fi godina Addaa duguuggaa sanyiiti yoo jenne waan soba nu jechisiisuu miti; Kanaafis dhugaa jiru yoo wal afoo qabne naannoo Bulbulaa, Aqaaqii fi Jamoo irraa qonnaan bulaan Oromoo Afaan Amhaaraa hin beektu ittiin jedhamee Waardiyaas ta’uu dadhabee lafa isaa irraa buqqa’e daandii irratti rakkattuu, kadhattuu fi maraattuu ta’ee jiraataa jira; kun akkamitti ta’aa? Kanaan kan walfakkatan gaaffiiwwan hedduun hogganoota OPDO kan jedhaman waltajjicha geggeessaa turanitti ka’aniiru.
Gaaffiiwwan armaan olitti dhihaatan kanaaf Itti aanaa Pirezedaantii mootummaa naannoo Oromiyaa ti kan jedhamu Isheetuu Dassee yoodeebisu, akka rakkoon ilaalchaa fi dhiphummaa jiruutti dhugaa mana keessatti ka’e dabsee ibsuuf yaaleera. Dhimma qotee bulaa buqqa’uun wal qabatee wanti foyyahu jira jechuun yakka raawwataa turan haguuguuf yaaleera; ykn qaama biraatti haqachuuf. Walumaagalatti rakkoon amma uumame kun rakkoo hoggansa keenyaa ti, rakkoo bulchiinsa gaarii ti, keessoo dhaaba keenyaatu rakkina qaba ilaalchaan hogganaan keenya qulqulluu miti, rakkoo kiraa sassaabdummaa guddatu dhaaba keenya keessa jira, hoogganaan keenya aantummaa uummtaa dagatee jira, gaaffiin uummataa sirrii ture jechuun hanqinoota jira jedhan tarrisuuf yaaleera. As irratti dhugaa ummata keenyaa Isheetuu Dasee haguuguuf yaale gaaffii ummata keenyaa kan mirga abbaa biyyummaa, bilisummaa fi lafa ofii irraa buqqa’uu diduu, Finfinnee gadhiisanii Oromiyaa iddoo lamatti kukkutuu mormame gara rakkina bulchiinsa gaariitti hidhee dhiheessuuf wacabbareera. Kun ammoo yoomuu fudhatama hin qabu; kufaatii dhaabittiin seentes kan keessaa baatu hin ta’u. Rakkoo keenya sirriitti ummatatti himannee dhiifama kadhachuu qabna,Uummata ofitti araarfachuu qabna, Gaaffii uummatni gaafatu rakkoo bulchiinsa gaarii ariitiidhaan akkaataa uummanni barbaadeen deebiisuu, Dimookiraasii diriirsuu ukkamsuu dhiisuu uummatni akka barbaade akka dubbatu gochuu, Hoogganaa uumatni hin feene hojiirraa kaasuu, Soba dhiisuu fi Kutannoodhaan uummata ijaaruu akka qabsaa’uu gochuudha jechuun ergamtichi wayyaanee Isheetuun waan wayyaaneen gooftaan isaatuu waggaa 25 guutuu hojii irra hin oolchin hojii irra oolchina jechuun waanuma hojii irra oolchuu hin dandeenye lallabaa ture; waan jedhi jedhamee itti himame olole. Xumura marichaa irratti Ishetuun ergamtichi diinaaf dutu akkana jedhe.
Xumura marichaa irratti Ishetuun ergamtichi diinaaf dutu akkana jedhe. “Waliigalatti mormii kanaaf sababa kan tahe ABO dabalateee mormitoota kamuu osoo hin taane, Hoogganoota OPDO sadarkaa sadarkaadhaan aangoo irra jiranii dha. Hanqinnoota hoogansaa keessoo keenya keessatti dhalate kanaanis wal qabatee hoggantootni hojiirraa ari’aman bulchitoota godinaa 4 fi hoggantoota sadarkaa adda addaatti Oromiyaarra jiran namoota 400 ari’amanii jiru; kanaafis akka fakkeenyaatti Bulchitootni godinaa ari’aman bulchaa godina Addaa, bulchaa godina Arsii lixaa, bulchaa godina Wallagga lixaa fi bulchaa godina Harargee Bahaa ti; qorannaan kun kana qofaan kan dhabbatu osoo hin taane hanga sadarkaa miseensa godaattii itti fufa.” Jechuun walgahicha gudunfe ergamaan kun.
Hojiin Miidiyaalee Oromoo Harka Tokkoon Ijaaraa Harka Kaaniin Diiguu Akka Hin Taane! (Miidiyaalee Oromoo Hundaaf) Carraa guddinni ‘technology’ yeroo ammaa argamsiise irraa Miidiyaaleen Oromoo muraasni kan dhimma Oromoo tajaajiluu irratti hundeeffaman horatamuun waan nama gammachiisaa ti. Isaan kun hundi akka tokkotti firii Qabsoon Bilisummaa Oromoo argamsiise tahuunis hin falamsiisu. Kan ummatni Oromoo isaan irraa eeguu fi kan isaan himatanis galma gahiinsa QBO milkeessuutti waan gumaachu hojjechuu dha. Dhimma kana irratti jabinaa fi hanqina jiru qalbii guutuudhaan hordofanii jabinni jiru akka daran guddachaa deemuu fi hanqinni mul’atu akka guutamaa fi wayyaawaa deemuuf yaada kennuudhaan haa tahu akka danda’ame hundatti qooda gama ofii bahachuun dirqama sab-boontota Oromoo maraa ti. Miidiyaalee keenya nuutu guddifata amantii jedhu irratti hundaawuudhaanin yaada kiyya kan dhimma kana ilaalu akka armaan gadiitti gabaabsee dhiheessa. Miidiyaan tokko waan hojjetu hunda irrattuu safuu fi ulaagaa ittiin hojjetu qabaachuun barbaachisaa dha. Safuu fi ulaagaan Miidiyaaleen Oromoo ittiin masakamuu qaban ammoo kan dantaa Oromummaa tiksuu fi jajjabeessuu irratti hundaawe tahuu qaba. Akkumaan olitti jedhe kan ummatni Oromoo isaan irraa eeguu fi isaanis himatan galma gahiinsa QBO milkeessuun kaayyoo hundeeffama isaanii tahuu waanin abdadhufin kana jedha. Namootni miidiyaalee Oromoo hundeessanii fi taligan miidiyaalee kanaan dhimma QBO, dhimma Dhaabota Siyaasaa Oromoo fi waliigala dhimma Oromummaa irratti hojjechuuf, hidhannoon haalaan murteessaa tahe kan jalqaba irratti guuttachuu isaan barbaachisu beekumsa duubbee seenaa wantichaa fi odeeffannoo gahaa dhimma kana ilaalchisee qabaachuu dha. Yoo akkas hin taane waanuma of duratti arganii fi dhagahan hunda (osoo dharaa-dhugaa fi fafaa fi mishooma isaa addaan hin gilgaalle) ijaagurra ummataan gahuutu mudata.
Sun ammoo harka tokkoon ijaaraa harka kaaniin diiguutti geessa. Gahoomina sadarkaa qulqullinaa ykn. standard miidiyaa tokko miidiyaa jechisiisan dhabsiiseetis akka owwaattuu (echo) fakkaachuu muda. QBO ilaalchisee seenaa dalagamee dabres haa tahu waan amma dalagamaa jiru (kan dhugaan turee fi jiru kan ragaa gahaa qabu) ijaa fi gurra Ummataaf dhiheessuun waanuma miidiyaalee Oromoo irraa eegamuu dha. Kan arguu fi dhagahu irraa barata. Madda jabinaa fi bakka rakkinni/hanqinni jiru addaan baafatanii bu’aa-bahii qabsoo nama afoo jirtu milkiidhaan keessa qaxxaamuruufis gargaara. Kanaaf yeroo miidiyaaleen Oromoo QBO ilaalchisee waan dhugaa fi qabatamaa taheen dhihaatan sab-boontota Oromoo hundaatu itti gammada. Miidiyaaleen Oromoo hedduun yeroo ammaa gama kanaan hojii boonsaa fi nama jajjabeessu hojjechaa jiru. Haa tahu malee miidiyaaleen gariin osuma hojii boonsaa akkanaatis hojjetanii gama kaaniin ammoo waan isa kana busheessus yeroo hojjetan deddeebi’ee mul’ata. Fakkeenyaaf, namoota ofii taa’anii dhimma jireenya dhuunfaa ofii gaggeeffachaa afaan qofaan akka nama QBOf dhimmamee fi itti hirmaachaa jiruutti of dhiheessuudhaan qabsaawota hojiidhaan QBOf jecha wareegama bifaa fi sadarkaa gara garaa baasaa jiran irratti dhagaa darbataniif waltajjii banuudhaan olola diigaa QBOf fafa malee mishooma hin qabne ijaa fi gurra ummataan gahuun ijaaruu moo diiguu dha? Har’a namni Oromoo dhugumaan sab-boonummaa qabuu fi dhimma QBO hordofu kamuu eenyu akka dhugumaan daandii qabsoo bilisummaa Oromoo irratti hiriiree QBO galmaan gahuuf wareegama barbaachisu baasaa jiru sadarkaa Dhaabaa fi murnaattii mitii sadarkaa nam-tokkeettuu addaan baasee beeka yoo jenne soba hin tahu. Eenyufaatu bakka itti tolte taa’ee jireenya ofii ow’ifachaa afaaniin akka qabsaawaatti of dhiheessaa jiraanis waan namuu beekuu dha.
Jaalalti Dhaabni ABO Oromoo biratti horate bareedina maqaa Dhaabichaa irraa kan madde miti. Bu’aa wareegama ilmaan Oromoo Addichatti hiriiruudhaan baasanii fi galata injifannoolee gurguddoo Oromoon hanga har’aatti ittiin gonfatee ti malee. Oromoon jaalala ABOf qabu oggaa ibsatu namoota ABO hoogganan ykn. miseensota abaluu fi abalu jedhaman osoo hin taane dhiiga ilmaan isaa QBO ABO.dhaan hogganamu irratti dhangala’ee fi bu’aa wareegama sanaan argametu ija isaa dura dhufa. Waa’een ABO fi waa’een QBO waa’ee jireenya Sabummaa Oromoo ti. Dubbii ulfaattuu lubbuun gootowwanii fi hayyoota Oromoo lakkoofsaan tilmaamuun hin salphanne irratti kitimamee fi har’a illee itti fufee wareegamni ulfaataan itti baafamaa jiruu dha. Waan taheef nam-tokkees tahe qaamni ykn. murni Oromummaa himatuu fi dantaa Oromummaafin hojjedha jedhu tokko yeroo dhimma ABO fi QBO kaasu wareegamni Oromummaaf baafamee fi baafamaa jiru kun itti dhagahamuu qaba. Itti gaafatamni lammummaa fi Safuun Oromummaa isa daangessuu qaba. Miidiyaan Oromoon dantaa sabummaa kiyya naaf tajaajila jedhee abdii fi amantii guddaa irra kaa’achuudhaan jaalalaa fi deggersa isaa arjoomuuf tokko har’a gadi deebi’ee gaaffii qaanfachiistuu yeroon itti dabarte “ABO isa kam?…….jechuu fi dhiisuu gidduutti rakkanne” oggaa jedhu dhagahuun dhuguma miidiyaan kun dantaa Oromummaa tarkaanfachiisuu kaayyoo jedhu sana garuma irraa itti jiraa? moo bilchinaa fi dammaqiinsa akkaataa itti dantaa Oromummaa tarkaanfachiisuuf hojjetamuutu itti hir’ate laata? gaaffii jettu namatti bulcha. Yaada koo xumuruuf: Oromoon har’a waa’ee eenyummaa ofii fi waa’ee qabsoo bilisummaa isaa irratti dammaqiinsa wayyaa horateera. Dhaabota siyaasaa bilisummaa isaa dhugoomsuuf hojjetanii fi warra kaanis addaan baasee beeka.
Dhaabota siyaasaa bilisummaa isaa dhugoomsuuf hojjetanii fi warra kaanis addaan baasee beeka. Hangi oduu ganda keessaa fi odeeffannoo dogoggorsaa namootaa fi qaamota itti gaafatamummaan (Responsibility) itti hin dhagamane irraa maddituun dogoggoru xiqqaa dha. Kan har’a dogoggorus bultumaan hubachaa deema. “Sissiqaati Goobana” akkuma jedhan. Miidiyaalee Oromoo irraa kan eegamu hojiin isaanii harka tokkoon ijaaraa harka kaaniin diiguu akka hin taanee fi ummata si tajaajilla jedhaniin biratti kan isaan taajjabsiisuu fi fudhatama isaanii gadi buusaa deemu akka hin taanetti bilchinaa fi hafuura itti gaafatamummaatiin hojjechuu dha. Yoo akkas hin taane “Ofii jettu mi’aawi yaa soogiddaa dhagaa sehanii si gatuu” mammaaksa jedhu yaadachuu qaban. Na Hoofkalchaa !
Obboo Daawiit Indaaluu Galataa, Abbaa Adeemsa Hojii Qorannoo Itti Fayyadama Lafaa Fi Qorannoo Naannoo Kan Ta’an, Mootummaa Wayyaanee Gane Dhaabbata Dizaayinii Fi Tohannoo Hojiiwwan Bishaanii Oromiyaa Keessatti Abbaa Adeemsa Hojii Qorannoo Itti Fayyadama Lafaa Fi Qorannoo Naannoo Kan Ta’an Obboo Daawiit Indaaluu Galataa Mootummaa Wayyaanee Lagachuun Awustiraaliyaatti Koolgaltummaa Gaafatan. Hojiilee Teeknikaatiif jila ergamticha wayyaanee Pirezdaantii naannoo Oromiyaa ti jedhamu, Muktaar Kadiriin durfamutti makamuudhaan Awustiraaliyaa kan dhaqan Obboo Daawiit Indaaluu Taasisaa Galataa cunqursaa siyaasaa, dhiittaa mirgootaa, rakkoo bulchiinsa gaarii Impaayerattii keessatti addattis Oromiyaa keessa jiru balaaleffachuudhaan jila diinaa irraa hafanii Awustiraaliyaatti koolugaltummaa gaafachuudhaaf murteessuu isaanii yaada SBOf kennaniin ibsaniiru. Rakkooleen kun akka furamaniif wayta ummatarraa yaadni mootummaadhaaf dhiyaatu yeroon itti fudhatama argatu hin jiru kan jedhan Obboo Daawiit, kanuma wayyaaneen gubbaadhaa gadi dabarsitetu hojiirra oola; kunis ummata miidhaa jira jedhan. Mootummaan amma aangoorra jiru kanarraa barachuudhaaf qophii akka hin taane kan nuuf ibsan Obboo Daawiit Indaaluu Galataa, maqaadhaaf ummannis tahe miseensonni sirnichaa walitti qabamuudhaan yaadni irraa haa sassaabamu malee kan hojiirra oolu ajajuma murna wayyaanee gita-bittuu ilmaan Tigraayiin dabarfamu tahuu addeessan. Yaadotni walgahii fi waltajjiilee adda addaarratti ummatarraa sassaabamu hojiirra hin oolfamu, murtiin ummata mariisisuudhaan dabrus kan hin jirre tahuu ibsan Obboo Daawit. Kun ammoo bulee-ka’ee mataa nama dhukkubsa, nama quuqa kan jedhan Dhaabbata Dizaayinii fi Tohannoo Hojiiwwan Bishaanii Oromiyaa keessatti abbaa adeemsa hojii qorannoo itti fayyadama lafaa fi qorannoo Naannoo kan tahan Obboo Daawiit Indaaluu Galataa, wayta kuni maaliif taha jedhamee gaafatamutti tarkaanfiin wayyaaneedhaan namarratti fudhatamu baay’ee haalaan jabaa tahuu yaada SBOf laataniin ifa godhan.
Kunis waan baay’ee isaan jeeqee fi miidhaa adda addaas isaan irraan gaheef garee ergamtoota wayyaanee irraa adda bahanii Awustiraaliyaatti hafuuf murteessuu SBOtti himan. Dhaabbata Dizaayinii fi Tohannoo Hojiiwwan Bishaanii Oromiyaa jalatti hojiilee misoomaa hojjetaman keessaa waa’ee qorannoo itti fayyadama lafaa kan jedhamu kaayyeffatanii mata duree godhatanii hojii teknikaatiif akka Awustiraaliyaa seenan kan nuuf ibsan Obboo Daawit, ummanni mootummaa wayyaanee hedduu jibbee ajeeffatuudhaan mormaa jiraachuu dubbatan. Ummanni jibbiinsa mootummaaf qabu yaada kaasuun, filannoodhaanis sagaleedhaan haala adda addaatiin ibsataa jiraachuu tuqanii, deebisaan argate garuu bifa haaloo bahiinsaatiin mootummaadhaan hacuucamuu fi miidhaaf afeeramuu tahuu ifa godhaniiru Obboo Daawit. Mootummaa naannoo Oromiyaa ti kan ofiin jedhu OPDOn odoo ummanni Oromoo magaalaa fi baadiyaatti hanqina bishaaniin rakkataa jiruu karaa waajjira isaaniitiin qabeenya bishaanii dabarsee biyya ollaa Jabuutiitti gurguratuudhaaf hojii dizaayiniitti akka jiru kan beekan tahuu yaada Sagalee Bilisummaa Oromoof laataniin eeraniiru. Ergamtoonni mootummaa wayyaanee biyya Awustiraaliyaa jiran wayta ammaa kana sirna abbaa irree wayyaanee lagachuu Obboo Daawitiin akkaan rifachuu fi jeeqamuudhaan Hoteela Obboo Daawit qabatanii jiranitti itti dhaquudhaan doorsisaa fi arrabsoo adda addaatiin sammuu isaanii dhiphisaa jiraachuu odeeffannoon arganne ni addeessa. Jila Muktaar Kadir biraa hafuun Obboo Daawit imbaasii wayyaanee Awustiraaliyaa jirutti jeequmsaa fi rifaatuu guddaa uumuurraa lukkeeleen diinaa achi jiran shira adda addaatiif olii fi gadi fiigaa jiraachuunis barameera. Biyya keessatti hojii ogummaatiin ofii fi ummata isaanii tajaajiluu akka hin dandeenyeef isaanis tahe maatii isaaniirra akkasumas ummata Oromoorra miidhaan wayyaaneedhaan geessifamu boqonnaa sammuu isaan dhoowwatee murtii kana fudhachuun jila diinaa biraa kana hafan Obboo Daawit, wayta ammaa kanas lukkeelee diinaa Awustiraaliyaa keessa jiraniin doorsifamaa jiraachuutu ibsame.
Biyya keessatti hojii ogummaatiin ofii fi ummata isaanii tajaajiluu akka hin dandeenyeef isaanis tahe maatii isaaniirra akkasumas ummata Oromoorra miidhaan wayyaaneedhaan geessifamu boqonnaa sammuu isaan dhoowwatee murtii kana fudhachuun jila diinaa biraa kana hafan Obboo Daawit, wayta ammaa kanas lukkeelee diinaa Awustiraaliyaa keessa jiraniin doorsifamaa jiraachuutu ibsame. Mootummaan wayyaanee hacuuccaa fi dhiittaa mirgaa Impaayera Itoophiyaa keessatti lammiilee irratti raawwatu, addatti ilmaan Oromoorraan gahaa jirutti dabalee biyya walaba taate, Awustiraaliyaa keessatti Hoteela isaanii dhaquudhaan Obboo Daawitiin doorsisuun diinummaa sirnichi Oromoof qabu mul’isuun gamatti abbaa irrummaa fi seera biyya biraaf illee bakka kan hin qabne goolessitummaa gartuu faashistii kanaa kan saaxiluu dha.
Baankiin Biyyoolessa Itoophiyaa boordii Bankii Hojii Gamtaa Oromiyaa haarawaan bakka buuse Baankiin Hojii Gamtaa Oromiyaa Adoolessa 2015 keessa sadarkaa idil-addunyaatti badhaasa gaarummaafi hooggansa gaarii argateera Torbaan darbe Baankiin Biyyoolessa Itoophiyaa hooggantoota Bankii Hojii Gamtaa Oromiyaa ijoo hujii irraa ari’uun niyaadatama. Ari’amuu isaanii hordofee, boordiin haarofni uumamuun isaas labsameera. Akka ibsa bayeetti namoonni ari’aman dura taa’aa boordii baankichaa Dr. Abarraa Dheeressaa, Itti-aanaa boordii ob.Taaddasaa Masqalaa, prezidaantii baankichaa ob. Wondimaaganyehu Nagaraa fi itti aantota isaanii ob. Tolosaa Bayyanaafi ob. Abbabaa Xilahuun dha. Akkasumas daayireektara tajaajila baankii biyya alaa kan ta’an ob. Baantaayyehu Kabbadaa kanniin ari’aman keessa isa tokko. Hoogganni kuni guutuun maaliif altokkoon ari’ame? Gaafii madda wolaba ta’e irraa hanaga ammaatti deebii hinarganneedha. Dhimmi sharafaafi daldala biyya alaa ari’amuu hoogganoota Baankii Hojii Gamtaa Oromiyaatiif waan Baankiin Biyyoolessa Itoophiyaa akka sababaatti dhiyeesseedha. Sharafaafi daldalli biyya alaa dhimoota baankiin kamuu irratti hojjatuudha. Achi biratti maaltu akka bade ykn hir’ate Baankiin Biyyoolessa Itoophiyaa hinibsine. Maaliif akka ibsuus hinfeene wanti beekame hinjiru. Baankiin Biyyoolessa Itoophiyaa tankaarfii kana fudhachuuf seerri biyyattii isaaf ni hayyamaa inni jedhus gaafii nama hedduuti. Kanas ta’ee san gama miidiyaalee hawasaatiin yaanni garagaraa laatamaa jira. Hedduun namaa jechutti kan jiran kufaatii hooggana Baankiin Hojii Gamtaa Oromiyaatiif sababni guddaan guddinaafi milkii baankichaafi hoogganni kuni galmeessiseedha. Baankiin kuni yeroo gabaabaa keessatti akkas saffisaan guddachuufi injifannoo gurguddaa galmeessisuun isaa mootujmmaa hingammachiisne yaanni jedhu dhageettii argataa kan dhufe fakkaata.
Sababa arii’amuu isanii ibsuuf hoogganoota bankichaa kanniin ari’aman keessaas namni hanga ammaatti dhimma kana irratti ibsa laate tokko hinjiru. Yeroo Baankiin Biyyoolessa Itoophiyaa hujii irraa ari’amuu hooogganoota kanaa ibsutti, hoogganni baakii gurguddoon sadi biyya keessa hinturre. Hujiidhaaf biyyaan ala turuu isaati kan himame. Baankiin Hojii Gamtaa Oromiyaa erga dhaabatee umrii woggaa 10 keessatti injifannoo gurgudada galmeessiseera. Baankichi baankota dhuunfaa Itoophiyaa 16 keeessaa Daasheniifi Awaashitti aanee bu’aa gabeessummaadhaan yeroo dhihoo asi sadarkaa 3ffaa irra jira. Baankichi dimshaashatti (gibiraa keessaa osoo hinbayin) bara 2014 keessa faaydaa qarshii miliyoona 602 galmeessisuun isaa gabaafameera. Kallattii baankichi faaydaa guddaa ittiin argamsiise keessaa inni tokko damee tajaajila baankii biyya alaati. Baankiin Hojii Gamtaa Oromiyaa Adoolessa 2015 keessa sadarkaa idil-addunyaatti badhaasa gaarummaafi hooggansa gaarii argateera. Hoogantoonni baankii namoota sadarkaa biyyaatti maqaafi seenaa guddaa qabaniidha. Dr. Abarraa Dheeressaa, dura taa’aan boordii, itti aanaa minisitera qonna Itoophiyaa ture. Nama sadarkaa addunyaatti dhaabbilee addaddaa hoogganeefi qorannoo addaddaa geggeessaa tureedha. Kitaabaafi barruulee qorannoo 40 oli nama barreesseedha, Dr. Abarraa Dheeressaa. Ob.Taaddasaa Masqalaa ammo Gamtaa Qoteebultoota Buna Oromomiyaa 1999 kaasee nama hoogganeefi gamtaan kuni sadarkaa addunttatiis osoo hinhafin akka beekamuuf adda durummaadhaan nama hojjateedha. Baankiin Hojii Gamtaa Oromiyaa bara 2005, woggaa 10 dura, kaapitaala qarshii miliyoona 112’n hojii eegale. Xiyyeeffannaan isaa irra jireessatti damee qonnaaf deeggarsaafi liqii maallaqaa laatuudha.
Xiyyeeffannaan isaa irra jireessatti damee qonnaaf deeggarsaafi liqii maallaqaa laatuudha. Irra jireessatti baankii kana kan hundeessan gamtaalee qoteebultoota garagaraati. Akaakuu isaatiin Baankiin kuni Itoophiyaa keessatti isa jalqabaati.
Somaaliyaan imaammata biyya alaa kan mootummaa United Kingdom keessatti ijoo fi iddoo duraa qabattee jirti kan jedhan Mr. Shapps kun dhimmi Briteen qofaa waan hin taaneef biyyonni ka biroonis imala nagaa eegsisuu kanatti akka hirmaatan gaafatan.
Beekaan sirna Gadaa Tokkos yeroo ILMAAN Oromoo gorsan akkas jedhu… Maqaa nuti hiika saa hin beekne hin moggaafatinaa jedhu! Jedhanii hin dhiisnee Maqaa Muhammad jedhuu fii Kadiija jedhu hiika isaa Namni beeku hin jiru jedhan!!! Kuni raajii dhuma⁉ Namni kun erga dhimma Maqaa kaase maaliif Maqaa Muhammadii fii Kadiijaatiin’eegale? ykn jalqabe? Dhuguma wanta hordoftootni Islaamaa Maqaa Muhammad jedhuu fi Kadiija jedhu wanta isaan moggaafataniif wallaaleetii laata?⁉ Kuni wanta dhugarraa fagaateedha❌ Maqaan Muhammad jedhu Addunyaa kana gubbaatti Maqaa eenyuu ‘akka ta’e Namni hin beekne baay’ee xiqqaadha? Nama hin beekneef Maqaan Muhammad jedhamu kun Maqaa Maqaa Rabbiitti ykn Waaqaatti anee waamamuudha.! Maqaa Muhammad jedhamu kana kan akka inni Maqaa Rabbiitti aanee dubbatamu taasise ykn murtii Ummata isatti Amanetti kenne Rabbi ykn waaqa qofaadha. Akkamitti Rabbi ykn waaqayyo Maqaa isaatti aansee MUHAMMADIIN waame yoo jette? akkas jechuudhaan ufitti aansee waame 👉Laa’ilaaha’illallaahu Muhammad Rasuulullaahi ykn Rabbii tokko qofa malee gabbaramaan Dhugaa hin jiru ! Muhammadis ergamaa RABBIITI ykn waaqaati jechuudhaan waaqni ufitti aansee Maqaa isaa dubbateera! Waaqni Addunyaa kana gubbaatti Ergamtoota baay’ee’ergeera. Haata’u malee kan Rabbi Isaan keessa Maqaa Rabbiitiin akka wal qabatu taasise Muhammad qofaadha. Maaliif jechuun keessan hin hafu Namni hin beekne? Wanti Rabbi Maqaa Muhammadii fi kan isaa walqabsiiseef 1 ffaan Rabbi MUHAMMADIIN Ummata Addunyaa kana gubbaa jiru hundatti wanta’ergeefiidha! Nama qofa osoo hin ta’in Jiinnii ykn seexana ykn sheyxaanattis ergameera! JINNII jechuun wanta Ijji Nama’arguu hin dandeenye kan Addunyaa kana gubbaa jiraatan jechuudha!
JINNII jechuun wanta Ijji Nama’arguu hin dandeenye kan Addunyaa kana gubbaa jiraatan jechuudha! Muslimtootni JINNIIN maal’akka ta’e’akka gaaritti beeku jedheen amana👍✅ Muhammad malee’ergamtootni hundi dhuunfaadhaan gara Saba saanii qofatti’ergaman. 2 ffaan Ergamaa waaqaa isa xumuraati! MUHAMMADIIN booda Qiyaamaa ykn Dacherraa kaafamuun’ala Ergaan Rabbirra ‘eegan hin jiru wan ta’eefi ! Kadiijas Haadha Muslimtoota’addunyaa gubbaa jiranii hundaati! Kadiija Haadha Mana Ergamaa Aalaamaati! Wanti’ani dubbii kana addaan baaseef Oromootni qulqulluun akka hubatuufi! Hordoftoota Amantii ISLAAMAATIIN Maqaa kana jijjiiradhaa jechuunirra Kan isaanitti dhiyaatu Lubbbuu’isaanii Maatii’isaanii guutumatti dhabuu’isaaniif wayya! Walumaagalatti Oromootni bifa walqeequu kanarraa yoo’walqusachuu ykn ufqusachuu baatan ufumaa wal nyaachuul ala Bilisummaan isaan eegan wanta jirtu natti hin fakkatu!
Dhabamuun Obbo Dabbasaa Guyyoo yaaddoo guddaa uumee jira . OMN:Oduu Onk.15,2015 Hayyuun Barnoota Argaa dhageettii Gadaa Oromoo bu’uuressanii, aadaa fi seenaa Oromoo yeroo dheeraaf barsiisaa kan turan, Abbaa Liiban Dabbasaa Guyyoo, magaalaa Naayiroobii keessaa achi buuteen isaanii erga dhabamee guyyooya 19 kan lakkofsiisee yoo ta’u, haga ammaatti kan hin argamne ta’uun himame. Mangoddoonni Oromoo fi waldaan hawaasa Oromoo Naayiroobii, obboo Dabbasaa Guyyoo argachudhaaf barbaacha isaanii akkuma itti fufanitti jiru. Hayyoonni fi jaarmayaaleen Oromoo gara garaas, yaaddoo itti dhagayame ibsuun, barbaacha manguddichaatiif qaamoolee mootummaa Keeniyaa fi, dhaabbilee addunyaatti iyyataa jiran. Argaa fi dhageettii seenaa Oromoo yeroo dheeraaf barsiisaa kan turan, Abbaa Liiban Dabbasaa Guyyoo, irreecha bara kanaa biyya Keeniyaa, Nairobi City Park jedhamutti, gaafa Fulbaana 27 bara 2015tti geggeeffamee ture irratti argamuun, akkuma kanaan duraatti, gorsa gara garaa baqqattoota Oromoof kennanii turan. Abbaa Liiban Dabbasaa Guyyoo sirna ayyaana kanarraa qooda fudhatanii gara manaatti erga deebi’anii booda, achi buuteen isaanii kan hin beekamne ta’uun maatii fi firoottan isaanii ni dubbatu. Haala dhabamiinsa obbo Dabbasaa Guyyoo sirritti hubachuuf, firoota isaanii fi, namoota gara garaa yeroo dheeraaf isaaniin wal beekan dubbifnee jirra. Magaalaa Naayirobii kan jiraattu, inatlti isaanii Darbii Dabbasaa Guyyoo akka nuuf himtetti, abbaan isii erga dhabamee guyyoota kudha 19 laakkofsiisee akka jiru nutti himuun, haga ammaatti kan hin argine ta’uullee dubbattee jirti. Guyyama san bakka biroos bilbila bilbiluun, gaafannee hin argine kan jettu Darbiin, dhimma kana gara waajjiraalee poolisii biyyattiitti iyyachullee nutti himtee jerti.
Soddaa obbo Dabbasaa kan ta’an ammoo, obbo Shaamil Alii gama isaaniitiin, dhabamuu obbo Dabbasaa Guyyoo ilaalchisee, bakka bu’oota waldaa hawaasa Oromoo Naayiroobii fi, qaamota mootummaa biyyattii hundatti iyyannee jirra jedhan. Akkasumas barbaacha kanaaf akka tumsaniif, manguddoota Oromoo Booranaatti himnee, barbaacha kana haala itti qindeessan irratti marii gochuuf Naayrobitti akka walgahan nuuf eeran. Waldaan Hawaasa Oromoo Naayroobis barbaacha manguddoo kanaaf, gumaacha danda’u gochuuf tattaafataa akka jiran himanii jiru. Obbo Dabbasaa Guyyoo erga dhabamanii jalqabee, du’uu fi jiraachuu isaanii hordofaa jirra kan jedhan, dura taa’aan waldaa hawaasa Oromoo Naayiroobii obbo Shaggaa Araddoo, dhabamuu manguddoo Oromoo kanarratti birmatanii, nu waliin akka barbaadaniif, manguddoota Booranaa hedduu dubbifnee marii geggeessaa jirra jedhan. Manguddoota marii irra jiran keessaa tokko kan ta’an, obbo Waariyoo Aagaa dubifnee akka isaan nuuf himanitti, haala dhabamuu obbo Dabbasaa Guyyoo ilaalchisee, qorannoo gara garaa geggeessaa jirra jedhan. Akkasumas manguddota hedduu waliin ta’uun, barbaacha itti fufudhaaf qophaayaa jiraachuu dubbatan. Manguddoon umrii waggaa 63 obbo Dabbasaa Guyyoo waggoota 35f Keeniyaa magaalaa Naayiroobii keessa jiraataa kan turan yoo ta’u, bara 2000 irraa jalqabee argaa fi dhageettii gadaa Oromoo jedhu bu’uureessanii, nama aadaa Oromoo barsiisaa turan ta’uun kan beekkamaniidha. Waggoota 16 darban irraa jalqabee haala gara garaa irratti kan wal beekan, Ameerikaa kutaa Minisootaa keessa kan jiraatan obbo Lammii Shunaa akka nuuf himanitti, Keeniyaa keessatti rakkooleen nama ukkamsuu, malaamaltummaa fi dhiibbaan adda addaa jiraachuu dubbatanii jiru. Rakkoolee kanaan wal qabatee, dhabamuun Obbo Dabbasaa Guyyoo haalan kan isaan yaaddesse ta’uullee himan.
Biyya Noorwaay kan jiraatanii fi, bara 2000 irraa jalqabee obbo Dabbasaa Guyyootiin kan wal beekan ammoo, obbo Asnaaqaa Irkoo akka jedhanitti, gaafa argaa dhageettiin gadaa Oromoo bu’ureffamee turetti waliin turre jedhan. Argaa dhageettii kana hogganaa kan turan obbo Dabbasaa ta’uu nutti himuun, waggaa tokkoo oliif, seeraa fi sirna gadaa nu barsiisaa turan jedhu obbo Asnaaqaan. Dhiheenna kana ammoo dhabamuu isaanii erga dhagahanii booda, haalaan gadduu isaanii nutti himuun, dhimma kana ilaalchisuun, biyyoota alaa kanatti gurmaahanii marii gara garaa geggeessaa akka jiranillee dubbatan. Obbo Dabbasaa Guyyoo wayta gara garaatti biyyoota akka Ameerikaa, Awurooppaa, fi bakkeewwan hedduu deemuun, nama seenaa fi sirna gadaa Oromoo barsiisaa turan yoo ta’u, wayta biyyoota kanneen hunda deemaa turanitti, obbo Asnaaqaa fi obbo Lammii Shunaatiin wal qunnamaa akka turan wal duraa duubaan duubatanii jiru. Obbo Asnaaqaa Irkoo akka jedhanitti, obbo Dabbasaa Guyyoo aadaa Oromoo barsiisuudhaaf biyyoota gara garaa hedduu deemanii turan. Akkasumas waldaa qorannoo Oromoo ykn OSA irrattis affeeramuun, hojiilee boonsaa fi muldhataa ta’an hedduu hojjataa akka turan ibsaniiru. Namoonni yeroo dheeraaf obbo Dabbasaa Goyyootiin wal beekan kun akka nuuf himanitti, biyya Keeniyaa keessatti, ukkaamamiinsi baqqattoota Oromoo irratti raawwatamaa ture, haaraa akka hin taane ibsuun, haga ammaatti tana buuteen isaanii wallaalamuun haalan kan nama yaaddeessuudha jedhan. Mootummaan Itoophiyaa wayta gara garaatti Keeniyaa keessatti dhalattoota Oromoo ajjeesuu fi ukkaamsun waan beekamuuf, tarii hayyuu kanas isaantu gaaga’e shakkiin jedhu deemaa jira. Fakkenyaaf bara 1992tti, Oromoo beekkamaa obbo Jaatanii Alii, magaalaa Naayiroobii keessatti, guyyaa adiidhaan rasaasan ajjeefamuu isaanii ni yaadatama.
Fakkenyaaf bara 1992tti, Oromoo beekkamaa obbo Jaatanii Alii, magaalaa Naayiroobii keessatti, guyyaa adiidhaan rasaasan ajjeefamuu isaanii ni yaadatama. Bara 2007tti Injineroota Oromoo Tasfaahun Camadaa fi Masfiin Abbabaa, Keeniyaa magaalaa Naayiroobii keessaa ukkamfamanii, gara Itiyoophiyatti darbamuun kan hidhaman yoo ta’uu, mana hidhaa keessatti reebicha irratti raawwatameen, Tasfaahun Camadaa lubbuun darbuu isaa kan yaadatamuudha. Darbii Dabbasaa Guyyoo akka jettutti, abbaan isii kanaan dura waa’ee aadaa Oromoo barsiisuu malee, dhimma siyaasaa kamuu keessa waan hin jirreef, qaamni kamuu waan isaan balleessuu barbaaduuf naaf hin galu jetti. Ta’us hayyuun Argaa dhageettii Gadaa Oromoo Abbaan Liban Dabbasaa Guyyoo nama maraan kan wal ta’aniifi ollaafi fira cufa waliin nagayaan jiraatan waan ta’aniif namni dantaa dhuunfaatif isaan miidhu ni jira jennee amanuun nu rakka jedhu warri isaan beekan. Waan maraafuu rabbiin hayyuu bakka bu’aa hin qabne kana firoota isaanitifi ummata Oromootif hubaatii takka malee nagayaan akka rgamiisu hawwaa, itti baha dubbii tanaa hordfonee yero yeroon isniif dhiheessina. Usmaan Ukkumeeti qindeesse.
Waamicha Ariifachiisaa Oromoo Hundaaf!!! Haayyuun Keenyaa Abbaa Libaan Dabbasaa Guyyoo Safaroo Guyyaa 27-09-2015 irraa qabee eessatti dhabamee jennee kan barbaadaa turre. #Shororkeessaa maqaa jedhuun Wayyaaneen akka mootummaa Keeniyaa Kachachalaan Afrikaarratti tokkoffaa taatee waliin ukkaamsite ragaa qabatamaan kunoo argame. Mee Suuraa kana laalaa. Dabbasaan hoogganaa dhaabaa ta’uu dhiisiti miseensa dhaaba tokkootu ta’ee hin beeku. Kuni waan nama agarsiisu Wayyaaneen Oromoo hunda lafarraa fixxee ofuma qofaaf hafuu akka barbaaddu kuni ragaa guddaadha. Sheekii Oromoo Shororkeessaadha jedhanit ajjeesu ykn hidhu. Qeesii Oromoo Shororkeessadha jedhanii hidhu ykn ajjeesu. Phaaphaasi Oromoo shororkeessadha jedhaniiti hidhu ykn ajjeesu. Abbaa Gadaa Oromoo Shororkeessadha jedhaniit hidhu ykn ajjeesu. Barataafi Barsiisaa Oromoo shororkeessadha jedhaniit hidhu ykn ajjeesu. Abbaa qabeenya Oromoo Shororkeessadha jedhanit qabeenya isaa saamani hoo fedhan hidhan ykn ajjeesu.Baqataa Oromoo shororkeessadha jedhaniit ukkamsanii mana hidhaat tortorsanii akka TASFAHUUN CAMADAATTI ajjeesu. Callisaa Oromoo maalif calliftee Shoroorkeessadha jedhanit hidhu ykn ajjeesu. Dubbataa Oromoo maaliif dubbatte ati shororkeessadha jedhaniiti ajjeesu. Yoo callifnes Shororkeessa; Yoo dubbannes Shororkeessa; Yoo baqannes Shororkeessaa; Beekafi wallaalan keenyas Shororkeessa; Dureessifii Iyyeessi keenyas Shororkeessa; Maaraatan keenyas shororkeessaa: Dhukkubsataan keenyas Shororkeessa; Ballaafi duudan keenyas Shororkeessa; Naafafii shininiqaan Keenyas Shororkeessa jedhamat bosonni keenyallee Shororkeessa jedhameet gubama.Yoo biyya Keenya keessa teenyee taa’uu nutti hin dhiisan.
Yoo biyyaa baqanne baqachuu nutti hin dhiisan. Yoo keeniyaatti baqanne wayyaanee miilatu Finfinnee jira malee mataan Naayiroobi jira. Yoo Jibuuti baqanne Wayyaanee miilatu Finfinnee jira malee mataan Jibuti jira. Yoo suudaanitti baqanne Wayyaanee miilatu Finfinnee jira malee mataan Kaartum jira. Yoo Yemeniitti baqannee Wayyaanee miilatu Finfinnee jira malee mataan Sene’aa jira. Yoo Masiriitti baqanne Wayyaanee miilatu Finfinnee Jira malee mataan Kaayiroo jira. Yoo biyyoota Arabaatti baqanne wayyaanee miilatu Finfinnee jira malee mataan Doha,Riyaad,Dubaay,Beyiruuti fi kkf jira. Yoo Awurrooppatti baqanne wayyaanee miilatu Finfinnee jira malee mataan Berliini fi Osiloo jira. Yoo Awustaraaliyaatti baqanne wayyaanee miilatu Finfinnee jira malee mataan Meelboorn jira. Yoo kanaadatti baqanne Wayyaanee miilatu Finfinnee jira malee mataan Ottawaa jira. Yoo Ameerikaatti baqanne wayyaanee miilatu Finfinnee jira malee mataan Waashingiteen jira.Addunyaa kanarratti maaliif Oromoo taatani dhalattan baduu qabdan jedhani lola nurratti labsaniiru. Namni keenyaa yakka tokko hin qabu. Yoo yakka qabaate tokko qofa. Kunis Oromoo taatee maalif uummamtee yakka jedhamu. Kanammoo teenyee laallaa yoo jenne takka takkaan lafa kanarraa nu fixuuf deeman. Kanaafuu teenyee haa dhumnuu? Ani yaada keessan hin beeku teenyee dhumuurra osoo falmannu yaadhumnuun jedha akka mataa kootitti. Diinni dura barruu harkaa si qabeet hangam akka hirree qabdu silaalaa. Yoo barruu harkaa si qabatu ofirraa dhoowwu dadhabnaan ciqilee si qabata. Yoo ciqilee si qabatu ofirraa dhoowwuu dadhabnaan morma qabeet si kuffisa. Nuti Oromoon ammaan tana morma qabani nu kuffisaniiru. Akka hoolatti gogorra’amuu qofatu nu hafe. Kanaafu, biyyaa fi alarraa Sababa Dabbasaa Guyyoo kana Sababeeffachuun tokko taanee waan gochuu qabnu hunda gochuuf harka wal qabannee haa kaanu!!!!
Kanaafu, biyyaa fi alarraa Sababa Dabbasaa Guyyoo kana Sababeeffachuun tokko taanee waan gochuu qabnu hunda gochuuf harka wal qabannee haa kaanu!!!! Ka’i Oromoo!!!! !’
FDG kaleessa magaala Gullisootti gaggeeffameen uummanni dhagaa fi dullaa dhaan waraana rasaasa waliin wal’aansoo qabaa oole, har’as haaluma kanaan itti fufe yoommuu tahu ganama har’aa sa’a 4:30 booda FDG bifaa fi humna qonnaan bulaa, barataa, hojjetaa fi daldaltoota hammateen ka’een dhukaasni uummata irratti banameen barataan Guutuu Abarraa jedhamu yoommuu du’u kan rasaasaan madeeffame buufata fayyaa Gullisoo seenee jiraachuu fi duulli hidhaa uummata irratti gahaa jiru guddaa tahuu Qeerroon gabaasee jira.
Maalif fagaate gaafii jedhuuf: hayyama barbaachisu argachuufi hawaasni addunyaa hundinuu bakka takk godhuuf akka aanjayuuf guyyaa achi siiksuun barbaachisaa ta’e.
“Mirga Hiree Ofii Ofiin Murteeffachuu” kan jedhamu isa kana Mitiiree? Breaking:- Oduun Wallagga Lixaa aanaa Gullisoo irraa bittinna’aa jiru Akka jedhutti Magaalaawwan aanaa Gullisoo jalatti argamanii fi Mudde 2 Sababa Mormiitiin Barattoonni Guutuu Abarraa fi Karrasaa Caalaa kan keessatti Ajjeefaman Magaalaan Calliyaa fi Dillaa Gogolaa “Hiree isaanii Ofiin Murteeffataniiruu” jedha oduun gamasirraa dhaga’amaa jiru. Barattoonni kun Lamaan Magaalaa kanneen keessatti erga ajjeefamanii booda Kaabinoonni Magaalota kanneen bulchaa turan naasuudhaan Biyya gadhiisanii badaniiru kan jedhu oduun kun Guyyaa Har’aa uummanni Magaalaa kanaa walitti qabamee Obbo Tasfaayee Baqqalaa Dura ta’aa gochuu dhaan Barsiisaa Taayyee Birhaanuu itti aanaa Gochuun Filatanii obbo Amanuel Reggaasaa fi Waaqbulchoo Fooggalaa Koree dhimma Bulchiinsa Magaalaa Calliyaa gochuu dhaan Filataniiru jedha Odeeffannoon Gamasii nu qaqqabe.dabalataanis Hanga Magaalittiin kun tasgabbooftutti Konkolaataan kam iyyuu Magalittii keessa seenuu akka hin dandeenyee fi kanas akka raawwataniif Naga eegsistoota kanaan dura turan irratti Dargaggoota keessaas Filanii itti dabaluu dhaan Daandiin magaalittii keessa seenuuf gargaaran hundi cufamanii hordoffii dhaan akka eegaman ajajni akeekkachiisa waliin Bulchiinsa haaraa uummataan filataman irraa Naga eegsistootaaf darbeera.akkasumas dhimma Barattoota Badii malee ajjeefamanii fi qaama badii kana raawwate hatattamaan qoratanii seeratti akka dhiyeessaniif namoonni dhimma seeraatiin Leenji’an ja’a Filamanii hojii jalqabaniiru.
Guutuu waayee kanaa caqasuuf as tuqi
DIRAAMAA WAYYAANEETIIN FINCILLI SABA BAL’AA HIN GUFATU, HIN DHAABBATUS!! #OromoProtests Barreessaan: Saphaloo Kadiir Ashamaa Harka fuune sabboontoota ilmaan oromoo akkam jirtu? Waa jajjabaattanni? Eeyyee! Jabaachuudha kaa wanni guddaan. Mee dhaamsa gabaabaafi hatattamsiisaa tokkoon isiniif qaba hanga xumuraa na faana bu’aa. Eega dubbiftan booda ammoo hiriyoota keessan maraaf ‘share’ gootanii dabarsuun quuqama sabummaati. Yeroo ammaa kana ilmaan oromoo mormii saaminsa lafaa maqaa master pilaaniitiin wayyaaneen nurratti aggaamamee jiru balaaleeffachuudhaan ilmaan oromoo kan dhiigni oromummaa itti dhagayame idil addunyaarratti fincila diddaa gabrummaa finiinsaa jiran. Akkuma argaa jirru sabboontoonni oromoo biyya keessa jiran Finfinnee qofa osoo hin taane Oromiyaan guutuun master pilaaniifi saaminsa wayyaanee jalaa bahuu qabdi jachuun yeroo kamuu caalaa waan harka wal qabatan fakkaatu. Kun waan guddaafi abdachiisaa dha. Fincila baranaa kana finciloota kanaan duraa irraa wanni adda taasisu baayyeetu jira. Isaan keessaa ijoofi hangafni hiriirri mormii kun idil oromiyaa keessatti hanga liphuutti wal gahee finiinuu isaati. Kan biraa ammaas sabboontoonni ilmaan oromoo onne qabeeyyiin lukkeelee miidhaa ilmaan oromoo irratti fudhatu mara jala bu’anii tarkaanfii boobsaa irratti fudhachaa jiraachuu isaati. “Tokko du’ee tokkon nyaatu, wal gaggalaafanna taati!” waan ja’an fakkaatu. Eeyyee! Tarkaanfiin akkanaa kun eenyullee taanaan akka harka isaa ilmaan oromoo irraa adabaan sassaabatu taasisuu daran kan nu boonsuu dha. Haaluma kanaan ilmaan oromoo walabummaa biyya isaanii jaalataniifi oromummaaf hadoodan marti gara fincilichatti makamuun mukulkula qabsoo wajiijuun itti fufaa jiran.
Qabsoo jalqabamte tanaan sirna duguuggaa sanyii ganna 25 oliif nurratti raawwachaa tureefi jiru, sirna nama nyaataa wayyaanee kana yaaddeessuu hin oolle. Kanaaf sirni wayyaanee yeroo ammaa fincila barattootaafi dargaggootaan jalqabamee gara hawaasa bal’aa makamaa jiru kana baayyee sodaachuun akkuma aadaa isaa diraamaa sobaa hojjachuu jalqabee jira. Diraamaa Wayyaanee (OPDO’n) hojjattee biyyaan burjaajeessitu kun tooftaafi adeemsa baayyee kan qabu yoo tahu san keessaa tokko maqaa dhaabbilee siyaasaatiin ilmaan abbaafi saba tokkoo wal shakkisiisuun walitti buusuudha. Kana malees gochoota suukanneessaafi nama gubu ifumaaf hojjachuun quba dhaabbiilee siyaasaa qulqulluufi seena qabeeyyiitti qabuun maqaa isaanii xureessuun ummataafi isaan duuydaa garaa godhuuf yaaluudha. Dhaabni siyaasaa oromoo kan wayyaaneen yeroo hedduu xureessuuf kuftee kaatu hangafni ABO akka tahe namuu ni beeka. Kana booda garuu eenyulleen diraamaa xurii wayyaaneen namaan faaltu kana hin amanu. Hin fudhatuusi. Filmii sobaa baayyee dhaaba siyaasaa Oromootti fakkeessuun Wayyaaneen (OPDO’n) ifumaaf raawwattee, gocha diinummaa hojjattee maqaa ABO (Adda Bilisummaa Oromoo)tti fakkeessuun dhaaba jaalatamaafi hangafa laphee ilmaan oromoo keessatti dhiigaan barreeffame, ABO (WBO) xureessuuf yeroo mara xibaartu keessaa tokko, gocha hamaa, suukanneessaafi duguuggaa sanyii bara 1984 keessa OPDO /WAYYAANEEN/ Oromiyaa bakkoota garagaraa kan akka Baddannoofi iddoo hedduu keessatti ofuma isiitiif raawwachuun qaanii takka malee maqaa ABO’tiin dokmantarii adda addaa qindeessuun ummata oromoo ittiin afanfaajjeessaa turanii dha. “Namni fokkatu hin qaanfantu” ja’anii mitiiree? Ani ammoo maakmaaksa kana jijjiiree “Dhaabni fokkotu hin qaanfatu” ja’een Wayyaanee/OPDO’ti maakmaake.
Wayyaaneen (OPDO) dhara dhugaa fakkeessuun, qaanii malee nyaara haaddattee, ija soogiddaan dhiqattee dhagaan daabboo jechuun humaa isii hin dhibu. Isiif salphaadha. Salphaa qofa osoo hin taane muuxannoo yeroo dheeraa itti qabdiisi. Dhaabbiilee sabqunnamtii akka TV fi Raadiyoo ololuma akkanaa afuuf ifiif dhaabbatettiis fayyadamuun diraamaalee sobaa kana maqaa misoomaa, nageenyaafi waan oromoof quuqamu fakkaatee ittiin dhaadheessaa tureeti jira. Odeeffannoo cubbuutiifi diraamaa sobaa adda addaa kan tahe ja’anii hawaasa biraan gahan kanaan namoonni baayyeen kan dogoggoruufi hubannoo sobaa qabatu tahuus garuu ummanni bal’aan Oromoo kan hin amanne tahu beekuu dhabuun isaanii garuu nama ajaa’ibsiisa. Haa tahuu garuu yaada jallaan sammuu ummataa booreeysuun, sodaafi shoorarkaa onnee hawaasaa keessatti uumuun hanga tokko akka waan isaaniif fiinxa baheetti umrii dheereeffachuu danda’uun xiqqollee taatu isaaf fala fakkaachuu hin oolle. ‘Haqni ni qal’ata malee hin citu’ maakmaaksa jadhu waan hin beekneef tahuu hin oolu. Wayyaanee/OPDO’n ‘Aanan adii dha’ yoo ja’aniin ‘Lakkii diimaadha’ siin jatti. Tarsiimoo ‘kijibii amansiisi’ jettu waan qabaniif, yeroo hedduu waan wal hin fakkaanne kootaafi maammuddii walitti erbuuf shorooyxi. ABO qofa osoo hin tahin wayyaaneen dhaaba siyaasaafi ilmaan Oromoo kan dhugaan sabboonummaafi quuqama saba isaanii qaban mara maqaa gosa gosaa itti moggaaftee farrajuun hojii isii jalqabaati. Mootummaan nama nyaataan Wayyaanee/OPDO kan jecha dimokraasii jedhu dhagahuu malee takkaa hiikkaa isii hin beekne, dhaabboolii oromoo isaan faallaa tahe mara farra misoomaa, farra nageenya, farra dimokraasi, shoorarkeessitoota, …kkf jechuun maqaa hin jirre itti maxxansuu yaalti.
ABO’n dhaaba duguuggaa sanyii raawwate waan taheef carraa deebi’ee ummata Oromoo bulchuu hin qabu jattee yeroo minnaagdu mul’atti wayyaaneen. Wayyaanee (OPDO’n) ifiif dhaaba misoomaati ifiin jechuun wayta bulga’aniis ni mul’atu. Nama gaddisiisa! Wayyaaneen waggoota 10’niif dachaan guddanne jettee osoo dhara afuuftuu bara tokkotti ummanni isiin bulchitu beelaan gaaga’amaa jira. Guddinni waggaa 10 dachaan dabalaa ture akkamitti waggaa tokkoof nama eewaluu dadhabaa? Akkuma dimokraasiin isaanii xalayaarra malee qabatamaan hin jirre, guddinni isaaniitiis lafa irra akka hun jirre beekkamaadha. Mootummaan maal naan ja’anii hin beekne wayyaaneen kana mara yoo haqqiftu waanuma ummanni oromoo tole dhugaa keetii jachuun irraa fudhatu seetii laata? Yeroo wayyaaneefi jaartiin isii OPDO’n (Obbodu’oo) “ABO’n gocha suukanneessaa duguuggaa sanyii raawwatte” jechuun olola gurraacha addeessitee hafarsuuf yaaltu kana mee gaafuma takka gaafadhaa. “Eega gocha san ABO’n kan raawwate tahee isin kan waraabame san eessaa argattanree?” Jannee yoo gaafanne deebii hin qaban. Soba dirree taa’u ija jabinaan dhugaa fakkeessuuf yaaluu malee deebii akka hin qabne karuma salphaan mirkanfachuus dandeenya. Wayyaaneen/OPDO’n dhamaate takka takka ammoo “dokmantii ABO isaanuma harkaa buufanne” jachuun deebii dharaa laatu. Kun garuu warroota seenaafi adeemsa qabsoo oromoo hin beekne tokko tokko yoo tahe malee ummata oromoo bal’aafi warra diraamaa wayyaane kana gad fageenyaan beekan kanneen biraa gonkuma hin dogoggorsiisu. Garuu yoo dhugaa jiru kan walitti himnu tahe, wareegamtoonni qabsoo bilisummaa oromoo dhugaan gaggeessaa turan irra caalaan isaanii kan kufan mataa isaanii caalaa dokmantiilee isaanii diinaaf dabarsuu diddaaf kan lubbuu if balleessan tahuun beekkamaadha.
Qabsaa’oonni oromoo beekkamoon wayta garagaraa yoo tasa diinaan sardaman, mataa isaaniifi dokmantiis waliin boombii ofitti dhoosanii lubbuu isaaniifi ragaalee isaan harka jiru waliin kan if barbadeessaa turan akka tahan namuutu ni beeka. Inumaatuu ragaa akka viidiyoo guddaa san dhiisii, seenaa Haaji Aadam Saaddoo yaadachuun ni gaha. Haaji Aadam xalayaa xiqqoo ragaa muraasa qabdu alaanfatee garatti liqimsuun “Wanni garaa nu bahe garatti nu deebitee, amma waan barbaaddan nu godhuu dandeessan” jadheen jara habashaatiin. Maalayyaa dokumantii guddaa vidiyoo gahu? Mootummaan wayyaanee jaalalaafi fedhii ummanni oromoo ABO’f qabu duriis sirritti beeka. Kanaaf ABO cuqun dibee hawaasa oromootiin wal jibbisiisuuf if butuchaa ture. Tooftaa garagaraatti fayyadamee ABO ummata oromoo keessaa baasuus garuu, tooftuma kamittuu fayyadamee dhiiga ilmaan oromoo keessaa ABO baasuu takkaa hin dandeenye. Jaalala ummanni ABO’f qabu kan dur beeku daran ammoo barana ifaafi ifatti mirkaneessaniif oromoon. Gaafa ayyaana Irreecha baranaa irratti hawaasni oromoo miliyoona 5 caalu argamanitti hundi isaanii jibba wayyaaneef qabaniifi jaalala ABO’f qaban hasaasanii osoo hin taane lallabanii, dhiichasanii, leellisanii sodaa tokko malee himaniif. Sanirraan dabree yeroo ammaa fincila master pilaaniin wal qabatee guutuu oromiyaa keessatti baratootaafi ummanni oromoo bal’aan “ABO malee..” jechaa dhiichisuu qofa osoo hin taane alaabaa ABO walakkaa oromiyaatti fannisuun jaalalaafi hawwii isaanii mirkaneessaafi jiran kanattiis, wayyaaneen ammallee maqaa ABO xureessuufi akka waan ummanni jibbaa irraa qabuutti odeessuun isaa hin oolle. Haatahuu malee yoo kana odeessu qilleensi afaan isaa seenuu ala dubbiin isaa gurra oromoo seenuu hin dandeenyeef.
Kana kan hubate mootummaan wayyaanee dubbiin maqaa ABO’tiif olola sobaa hafarsuuf yaale kan isarraa hin fudhatamneefi tooftaa qammante tahuu waan bareef mata duree diraamichaa jijjiiruuf dhiheenya kana yeroo biraa caalaa wixxifachaa ture. Amma immoo roga amantiitiin ummata walitti buusuuf yaalaa jira wayyaaneen. ====== Itti Fufa======= Barreessaan: Saphaloo Kadiir Muddee,2015 E-mail: ak23873@gmail.com DIRAAMAA WAYYAANEETIIN FINCILLI SABA BAL’AA HIN GUFATU, HIN DHAABBATUUS!! (Kutaa 2ffaa.) Barreessaan: Saphaloo Kadiir Wayyaanee/OPDO’n diraamaan golga godhattee obboleeyyan ittiin wal shakkisuufi ilmaan abbaa tokkoo duugdaa garaa walitti goodhuun fincila ilmaan oromoo fashaleessuuf yaaddu keessaa kan biraa amantiidha. Tooftaa amantiitiin Diraamaa wayyaaneen soba dhugaa fakkeessitee ummataan burjaajeessuuf yaaltu keessaa tokko yoo laalle, amantaa muslimaati. Kanumaan wal qabatee dokmantii Tv isaanii irratti bara 2011 mata duree ‘Aqildaamaa’ jedhuunifi bara 2013 ammoo mata duree “Jihadawi Harakat” jedhuun fakkeessanii dhiheessaa turan yaadachuun gahaadha. Filmiin lamaan kun akka wayyaaneen yaaddetti bu’aa galmeessisuufi hin dandeenye. Wayyaaneen akka waan muslimni mootummaa islaamaa biyyattii keessatti ijaaruuf deemuu, akka waan muslimni biyyatti tana akka Iraaq, Israa’el fi Filisxeem’fatti uuda ibiddaa taasisuuf deemuu fakkeessuun, akka waan muslimni itoophiyaa akeekaafi kaayyoo akka alshabab, alqaa’idaa, Bokko Haraamiifi kkf qabanii godhuun akka waan biyyattiin hawaasa muslimaatiin shoorarkooytee garba dhiigaa tahuuf deemtuu fakkeessee filmii sodaachisaafi buttuu (horor) hojjachuun qalbii ummataa shakkii addaa keessa galchuun if bir’achiisee umrii isaa dheerachuuf yaale.
Ummata muslimaafi hawaasa amantii biraa hordofaniis walitti gufachiisuuf yaalaa ture. Hin milkooyneef. Ammallee diraamaa biraa fidee masgiida Anuwaar guddaa finfinneetti ibidda qabsiise. Garuu mootummaa shoorarkeessaa dachiin marteen, gita bittaan mootummaa wayyaaneen kun yoomillee diraamaan akkanaa akka fiinxa hin baaneef osoo beekuu maaliif akka if dararee ummatallee shoorarkeessu namaaf hin galu. Lubbuu namaa galaafachuun, qabeenya hawaasaa barbadeessuun, ummata walitti buusuun umrii aangoo dheereeyfachuuf tattaafachuun isii kun maraatuu yoo tahe malee hiikkaa biraa hin qabu. Wayyaaneen amma diraama isii gara amantii naanneeffachuu mallattoolee nuuf mirkaneessan keessaa kaleessa gaafa mudde 11, 2015 masjiida Anuwaar irratti boombii darbuu isaati. Sanuu wayyaaneen ifumaaf masjiidicha gubuun qaama yakka raawwate barbaadaan jira jechuun kijibuu jalqabe. Guyyaa kaleessa gaafa Mudde 11, salaata jum’aa booda masjiida Anawaar guddicha Finfinnee irratti boombiin darbatamee qabeenyaafi namarrattiis miidhaa cimaan gahuun beekkamaadha. Namni 16 madaawanii hofpitaala jiraachuu himama. Eenyuutu gube? Wayyaaneetu gube. Wayyaaneen ammoo shorarkeessitoota, finciltoota oromoo dhiheenya kanaa waliin walitti hidhee, ‘oromoon gaaffiin isaani finfinnee waliin wal qabata waan taheef isaaniitu gube ja’ee cubbuu dubbachuuf if qopheesfaa jiraachuun isaa waan shakkii qabuu miti. Diraamaa isaa kan dharaa saniin yrroo gabaabatti qopheessee ummataan xaxuun ifaa hafan qabu. Garuu dhugaan jiru nuti oromoon osoo carraan argamee wanti handhura finfinnee keessaa gubnu fi fonqolchinu hangafni siidaa Minilik’faadha malee masjiidaa miti. Oromoon amantii tokko irraallee dhiba hin qabu. Finciltoonni oromoo siyaasaa biyyattii irraa aarii qaba malee amantaa miti.
Garuu wayyaaneen jibba hamaa amantii muslimaa irraa qabdu qofa osoo hin taane, adeemsaafi muuxannoo gochoota hamaa akkanaarratti qabduus beekuun salphaa dha. Wayyaaneen jibba amantii muslimaa qabaachuu qofaaf osoo hin taane, umrii aangoo isii dheereeffachuufiis muslimootuma jiddutti qondoo jibbaa habaqaaltee akka isaan waliif hin galle taasisuufi. Mootummaan wayyaanee humnaafi murannoo hawaasa muslimaa waan beekuuf yeroo garii hawaasuma muslimaa maqaa adda addaatiin diigee walitti buusuun akka shoorarkaawan taasisuu fedha. Gaafa garii ammoo hawaasa amantii muslimaa hordofan kan amantii biraa qaban waliin walitti dallansiisuuf warraaqa. Muuxannoo gochoota hamaa wayyaaneen masjiidaafi naannoo masjiidaatti uumuun hawwii dharaa dhugoomfachuuf qabdu keessaa tokko yoo kan yaadannu tahe, shoorarkaa bara 2005’ni (1987 A.L.H) yaadachuun gahaadha. Bara 2005 mootummaan wayyaanee masjiida Anuwaaritti walitti bu’iinsa uumuun ulamaa muslimaa, abbootii amantaa, sheekoota, dargaggeeyyii muslimaa, imaamoota masjiidaafi hordoftoota amantaa hedduu hidhuun, reebuuniifi gocha suukanneessaa meeqa irratti raawwachuun isaanii yaadannoo seenaa yeroo dhihooti. Gaafasii jalqabee dubbi barbaad mootummaan wayyaanee imaamoota masjiidaallee ifiif hawaasaaf filuu qofa osoo hin taane amantaan tanaafi tanaatu sirriidha tana hordofaa jechuun, amala anaatu siif beekaa isaatiin hawaasa muslimaa zaliil godhaa ture. Hawaasni muslimaa ammoo kan fudhatu hin taane. Kanaafiis sababa barbaadee hawaasa muslimaa shoorarkeessuuf akka saree maraattee olii gad fiigaa ture. Qabsoo hawaasni muslimaa karaa nagayaatiin godhu kallattii jijjiiree ummata nagayaa humnaan macalaasuuf hedduu tattaafatuus, garuu osoo akka hawwe hin milkaa’in karooraafi wixiineen isaa tan cubbuu jalaa fashalooytee hafte.
Kana boodaas dadhabe ja’ee abdii muree hin teenye. Basaasa, dabballeefi tikoota isaa danuu koofiyaafi imaamata biteefi mudawwar itti kaayee kara masgiidaa dhangalaasuu jalqabe. Masgiida qofa osoo hin tahin gara awwaliyaatiis erguun akka basaasaniifi walitti bu’iinsa uuman taasisuuf harka naqachuu yaaluus koreewwan hawaasa muslimaatiin qaanqeen shira isaa jalaa dhaamte. Kana booda ammaas mala biraa diriirfachuu jalqabe, mootummaan wayyaanee kan akka gaararraatti torba if jijjiiru. Kanaan milkaa’uu dhabnaan ammaas tooftaa jijjiiratee naannoo unmanni muslimaa sagalee isaa dhageessisuuf itti walitti qabamu maratti qaamuma isaatiin konkolaataa gubuu, alaabaa gubuufi kkf fayyadamuun muslimootaatu kana godhe jechuun tarkaanfi hadhaawaa fudhachuuf yaalii godhaa ture. Ummanni muslimaa jallina mootummaan wayyaane hojjatu waan beekuuf of eggannoo sirrii godhaa waan tureef osoo hin milkaa’in hafuu danda’ee ture. Osoo kun kanaan jiruu shoorarkaa waggaa afur dura basaastuufi dabbaloonni isaa muslima fakkaachuun ‘goolii gurraacha’ uumaniin lubbuun dargaggoota danuu baduun, kumaatamni mana hidhaatti darbamuufi gochoonni baayyeen muslimoota irratti raawwatamaa turuun ni beekkama. Dhiheenya kana ammoo hawaasa muslimaa sababa adda addaa itti barbaade ‘xalayaa shoorarkeessummaatu sibiratti argame’, goolii uumuuf sossoo’aa jiraachuu kee ragaatu sibiratti mul’ateefi kkf jechuun hidhuu dabalatee tarkaanfii adda addaa irratti fudhachuun daran hammaatee jiraachuu odeeffannoon ni ibsiti. Keessattuu torbaan kana keessa eega fincilli ummata oromoon finiinuu jalqabe kana poolisoonni xiyyeeffannoo addaa naannoo masjiida Anwaariifi masjiida Nuur’itti godhuu akka jalqaban ragaatu ifoomsa. Ragaa kana maraafi muuxannoo diraamaa mootummaan wayyaanee hojjatuus yoo xinxallu tarkaanfiin masjiida Anuwaar irratti fudhatamees hojii wayyaanee tahuun ifa galeessa.
Kan gara goru dhabe afaanfajjawaan mootummaa wayyaanee fincila mormii hawaasa oromootiin malli harkaa baduun mata duree diraamaa isaa gara amantiitti jijjiiruuf yaade masjiida irratti gocha cubbuu raawwatee jira. Eeyyee! Raawwatee jira. Kun waan nama mormisiisuu miti. Hawaasni muslimaas tahee barattoonni fincila kaasaa jiran boombii eessaa fidanree? Kan ibidda guutuu harkaa qabu wayyaanee qofa. Kanaaf isa malee eenyulleen gocha akkasii hin raawwatu. Eegaa kabajamtoota keenya asirratti wanni beekuu qabnu guddaan fincilli keenya kan duraan deemaa jiru daran finiinee itti fufuu qaba malee qabbanaa’uufi dhaabbachuu hin qabu. Inumaatuu kana booda hawaasa muslimaatiiniis tumsi dabalamee daran humna dabalachuu qaba. Mootummaan wayyaanee hoongoo namaafi sa’aaf hin tolle tahuu daa’imni barana dhalateehu himana malee beeka. Gadaan isaa dhumatee kan jiru tahuu ifaafi ifatti mallattoowwan mul’isan danuudha. Haatahuu malee namni galaanni fuudhe hoomacha qaqqabata akkuma ja’amu san mootummaan wayyaaneetiis galaanni fincila ilmaan oromoo isa fuudhuu waan beekeef gubaatii Anuwaar masjiid kanaan wal qabsiisee gara keenya quba as laachuun hin oolamu. Nuti garuu dhimma akkanaatiif gurra hin qabnu. Hawaasni muslimaas kana sirritti beeka. Nama waan nyaatu beekan waan hagu hin gaafatan ja’a oromoon. Akkasiitii oromoos tahee hawaasni muslimaa idil itoophiyaa waan wayyaaneen taate tolchanii beekan. Walumaagalatti, ilmaan oromoo ololaafi soba diraamaa wayyaaneetiin gufachuu osoo hin taane, bifa haareyaan mormii isaanii hanga ummata bal’aatti gad buusuun qaanqee xiqqoo daandi bilisummaa ibsuuf billiq jatte tana daran bobeeysuun akka dachii guutuun walaq jattu taasisuuf if qopheessuu qaban jechuuniin ergaa koo xumura.
Walumaagalatti, ilmaan oromoo ololaafi soba diraamaa wayyaaneetiin gufachuu osoo hin taane, bifa haareyaan mormii isaanii hanga ummata bal’aatti gad buusuun qaanqee xiqqoo daandi bilisummaa ibsuuf billiq jatte tana daran bobeeysuun akka dachii guutuun walaq jattu taasisuuf if qopheessuu qaban jechuuniin ergaa koo xumura. Galatoomaa!! Oromiyaan ni bilisoomti, gadaan kan bilisummaati!! …… Saphaloo Kadiir Mudde 12, 2015 #Oromoprotests.
LOLLI WAYYAANEEN OROMORRATTI LABSE FASHALUU QABA! Akkuma hordofaa jirtan mootummaa Wayyaanee gaafii lafa ofii Oromoon gama nagayaatin gaafachaa jiru humnaan cabsuuf murteessee jira. Ibsa galgala kana gara miidiyaa isaanitiin facaasaniin, hoogganoonni jaarmaya TPLF mormii ummataa ‘ sochii shorokeessummaa jechuun’ waamanii jiran. I Kana jechuun ummata nagayaan mormii dhageessisaa jiru kana tarkaanfii shoororkeessaa irratti fudhatamu mara irratti fudhachuun sirridha jedhanii jiru. Humna barbaachise hundaan mormii nagayaaf haqa qabeesa kana akka cabsu humna waraanaatiif tika biyyatitiif aangoof qajeelfama kennee jira. Qajeelfama kanas guyya lama dura irraa kaasee waraana Shawaa Kibbaafi Kibba Lixaatti duulchisuun qonnaan bulaa Oromoofi ilmaan isaa lafarraa duguugaa jiran. Tarkaanfiin kun godinoota biroottis akka cehu karoorii baafame hojii irra oolaa jira. Fakkeenyaaf har’a Godina Harargee Bahaa dhuunfachuudhaaf waraanni guddaan daangaa Soomaliyaatirraa socho’ee jira. Akeeka sanyii duguuginsa Oromorratti ifatti labsamee guyyaa adii hojirra oolaa jiru kanarraa of baraaruuf Oromoon bakka hundaa tokkummaafi bifa qindaa’een socho’uun dirqama waaytawaadha. Ifatti lola labsuun kun rifaatuufi na’uu sirnichaa waan agarsiisuuf duula ammaa kana jalaa fashalsinaan takkaa adabattee gaafii ummataa deebisa ykn babbaqayxee addaan facaati. Kanaafuu tarkaanfilee fudhatamuu qaban keessaa: 1) Mormiin bifa walitti bu’iinsa hin qabne (low risk) kanneen akka gadda agarsiisuu, iccitii baasuu, gurraacha offachuu, muufachuu, nyaata diduu kkf manneen barnootaa, hospitaalota, warshaaleefi waajjiroota keessatti godhamaa jiran bal’inaan itti fufuu feesisa. 2) Wanti dinni Oromoo ajjeesaa jiruuf qabeenya Oromiyaa waan ta’eef bakka isaan dhukkubdu rukutuun barbaachisaadha.
Kanaafuu kubbaniyyaalee Wayyaanee addaan baafachuun irraa bituu dhabuu, warshaaleen isaanii bifa milkaayeen akka hin calleesine gufachiisuufi callaan isaanii nagayaan Oromiyaa keessa akka hin qaxxamurre ugguruun barbaachisaa.Waliigalatti sochii diinaggee TPLF Oromiyaa keessaa qabduu tarkaanfii barbaachisaa kamiinuu fudhachuun yeroo gabaabaa keessatti cufsiisuu qabna. Maqaafi eddoo kubbaniyyaalee kana walitti qabamaa waan jirruuf gara marsaalee hawaasaatin isiniif ergina isinis kan beektan nuuf dabarsaa. 3) Waraanni isaani Oromiyaa keessa akka feedhe akka hin sochoofne taarkaanfiin karaa cufuu itti fufuu qaba. Keessattuu karaaleen gurguddaa godinoota geessan tooftaa adda addaatin danquun hudhanii qabuu feesisa. 4) Biyya alaatti hiriirri deeggarsaa godhamaa jiru itti dabalee deemuu qaba. Hojii diplomaasiifi daladalaa Wayyaaneen biyyota alaa keessati qabdu hordofuun hoongessurratti fuulleffanna. ( Tarkaanfilee fudhatamuu qaban gara keessaatin waliif dabarsina). Dhiibbaan miidiyaalee garagaraa irratti godhamaa jirus jabaatee itti fufuu qaba. Ummata keenya madaayaa jiruufi gargaarsa adda addaatiif kan ta’u maallaqa saffisaan walitti qabuun barbaachisaadha 5) Amma booda diinis ummanni Oromoos bakka ji’a takka dura turetti hin deebi’u. kanaafuu mooraan qabsoo Oromoo saffisaan itituun humna gama maraan cimsachuun tarkaanfii dhumaatif of qopheessuu barbaachiisa. Ji’a tokkoof ummanni keenyaa sodaa moo’atee, tokkummaa cimsatee, diina naasisee jira. Har’as kana darna injifannoo goonfachuu qaba, ni danda’as. Namuu bakka jiruu waan danda’uun diinarratti duuluu qaba. Tana booda of duuba deebi’uun kopha kophatti qalamuu qofaafi. Kanaaf alaaf keessaan, xiqqaa guddaan, baddaa gammajjiin walqabannee injifannoodhaan keessaa bahu qabna. Dhugaa qabna, tokkummaan falmanna, ni moo’anna!
Dhugaa qabna, tokkummaan falmanna, ni moo’anna!
Gootonni Dargaggoonni Oromoo Jimmaa Warraaqasa Bilisummaa Finiinsuun Diddaa Kaasan,Poolisoonni Oromiyaas FDG Tumsan Waldorgommii Ispoortii Akka Oromiyaatti Magaalaa Jimmaa irratti gaggeeffamaa jiruun wal qabatee Guyyaa hardhaa Magaalaan Jimmaa Wallee Warraaqsaa FDGf uummata qopheessuun dhuunfatamte .Poolisootni Oromiyaas sochii Qeerrootti makamuun Wallee Warraqa wallisaa turan. Goototni Dargaggootni barattootni Oromoo Yuunibarsiitii Jimmaa, Koolleejjii barsiisota Jimmaa fi dargaggootni Oromoo jirattootni magaalaa Jimmaa bakka waldorgommiin Ispoortii Shaampiyoonaa Oromiyaa gaggeeffama jirutti walitti qabuun Walleelee Warraaqsaa qabsoo bilisummaa Oromoo leellisuu fi FDGf uummata qopheessuu qabsiisuun magaalaa Jimmaa keessa naannaa’uun eenyummaa, Oromummaa fi gootummaa isanii ibsachuun uummata haalaan dammaqsan. Guyyaa hardhaa Istadeumii Magaalaa Jimmaa keessatti yeroo taphattootni Kubbaa miilaa Magaalaa Amboo fi Jimmaa taphatan walleen warraaqsaa haalaan jabaate, magaalaan Jimmaas raafama guddaa keessa seente, humnootni basaasaa to’achuu hin dandeenye., Walleewwaan Warraaqsaa dhageesisaan keessaattis Jimma kan keenya, Amboo kan keenyaa, Finfinneen kan keenya, Wallaggaan kan keenya, Iluun kan keenyaa, Harargeen kan keenyaa, Adaamaan kan keenya, Bishooftuu, Burraayyuun, Holotaan, Sulultaan, Xaafoon, fi Sabbataan kan keenya Oromiyaa Badhoon biyya keenyaa jechuun haala uummata hawwatuun wallee warraqsaa magaalaa Jimmaa keessa nanna’uun finiinsan. Poolisota Oromiyaa magaalaa Jimmaa keessa jiraniif goototni qeerroon barattootni Oromoo waamicha ”Poolisiin kan keenyaa” jedhu waan dabarsaniifPoolisootni hedduun wallee warraaqsaatti makamuun gootota sabboontota Oromoo waliin wallee warraqsaa finiinsan. Walleewwan warraqsaa Goototni Oromoo finiinsan kunis mataduree: akka halagaan Oromiyatti hin seenne”, Yaa gadhee maaf fokkortaa dhiira namarra baasa kobbortaa’‘, ”Siifan lolaa uummataa narra hin gortuu” kanneen jedhaman ifatti magaalaa Jimmaa keessa naanna’uun uummata sochoosan.
Walleewwan warraqsaa Goototni Oromoo finiinsan kunis mataduree: akka halagaan Oromiyatti hin seenne”, Yaa gadhee maaf fokkortaa dhiira namarra baasa kobbortaa’‘, ”Siifan lolaa uummataa narra hin gortuu” kanneen jedhaman ifatti magaalaa Jimmaa keessa naanna’uun uummata sochoosan. Diinaafis firaafis haagaluu jechuun goototni Qeerroon barattootni Oromoo Yuunibarsiitii Jimmaa, kolleejjii barsiisota Jimmaa fi dargaggootni Oromoo jiraattootni magaalaa Jimmaa sodaa tokko malee ifatti wallee qabsoo warraaqsa FDG qabsiisuun hidhaa, du’aa, fi daraara fedhee illee fudhachuuf qophii ta’uu ibsatan. uummaatni jiraattootni Magaalaa Jimmaa daandiitti gadii yaa’uun gootummaa dargaggoota Qeerroo barattoota Oromoo kana kan ajaa’ibsiifatan yoo ta’uu Poolisootni Oromiyaa Wallee warraaqsaa kanatti makamuun qabsoo bilisummaa Oromoo faarsan. Source: Qeerroo.org
BIYYA TUFFATAN HARREEN GARMAAMAN ! ! KALEESSAF DHEENGADDA, KICHUU HEDDUU MURTEE DHIIRAA DHALAAN JENNE HUNDHEEDHUMAAN HAAMTE. bineensa bosonaa, boqonnaa dhorkitee mukkeen gurguddaadhaa, gaaddisayyoo cirtee, lafa safuu qabu kununsurra, falfalaan buqqiftee dhaalmaya seenaaf ta’an, qe’een nu onsitee Dachaadhaan argattaa,amma dhaloonni kaate. Barasan bara 14 dura, hurruma qeenxessuuf, kan karaa baafatte Dachee keenya gogsuuf umma keenya gubdee kaan adiyyoo goote ilmaan keenya, birmannaaf bahan kanneen naafa gootee kaanis dhabamsitee biyyootti ergitee kaanis adamsitee,biyyarraa ariitee sila jarattiin tun, na quuqe kan hin jenne dachee dhuma nu seetee? Oromoo maal taatee, maaltu si muudatee seenaa kalee faarsinu, hardha maaltu nyaatee? maaltu galee jennaan miilli sibaayyatee haraamu akkamiitu qe’ee teeffatee gadhee akkamiitu, biyya keenya dhaaltee tuffii jaboo keessa, harreedhaan garmaamtee Maal yaa saba koo,silaas hundeen dhumtee Maalin jiraachuudhaaf lubbuudhaaf marartee? ,maalirra jiraachuuf,duuna keef okkoltee? Dhuguma jiruudhaa jetteet, lubbuu kee sassattaa? maal haa buusuudhaaf, mata gad-qabattaa? Lakkii jedhii didii diinaaf hin ergamin lakkii jedhii dhiiti diinaaf harkan laatin ilmaan kee dhumanii qe’een si onanii dacheen adiiyyooftee,bosona gubanii Ilmaan kee korommiin,gaashiree guutani. qabeenyaan hiyyoomtee,lafarraa buqqatee dacheen dur qabbanaa, amma dhagaa baattee salphannee salphoon nutti galtee Maalif hin teeffannee,maalif hin mariinee maalif waliin gallee maalif diinan lollee hoggayyuu nu fixaa, maalidhaf oggallee maalfaa arganneet,diina jala bullee?
Oromoo oljedhi,diinaa kee fonqolchi barataa barsiisaa,qotebulaa daldalaa dhiira dhalaa,sooreessiif hiyyeechi Falmaa qofatu karaa dhaa,diina ofirraa galchi. qe’ee kee qabbanaa hurrumma kee bosona qabeenya kee jaajjaa dachee kee kabajaa dhabdeetoo salphinaaf mataan cabdee teechaa? kahi kahii wal kakaasii, xiqqaa guddaa dammaqsi. Dirree tumaa keenyaa madda gadaa Kalee Ulfaa teenya guddoo salphisanii Baalee Jimma Wallagga,Booranaa fi Gujii Harargee fi Iluun, Shawaa dhafi Arsii si qullisan lammii, kahii walitti labsii. wal nufakkeessuufi,sanyiin hudduu qullaa Olis jalqabdeettii, Oda Nabee gubbaa, Bosona nam-durii, kan tulluu CUQQAALAA waliin gahaa jirti namni maal ilaalaa? Yaa tulluu Cilaaloo,bosona hurrumaa si adiyyoomsuudhaaf gugguban gaallama. kaleessi boo’ichaa,hardhis akkasumaa Nuduguuguuf jirtii,sanyiin saree sarumaa Oromoo dammaqi diinaa keetti kahi Bilisummaan tolaa hin argamuu dhahi Eenyuyyuun hin eeggatin bakka jirtuu hidhu Biyyakee Qaawweedhan, kabajaan eeggadhu Biyya tuffatan harreen garmaamanii duraanuu mammaaksaan, dhalootarraa dhaaltee hardha callisuun kee sodaamoo ni deetee qe’een kee onuufi hubadhu yoo feete Hunduu harka keeti,yoo ati lolattee kabaajaan hin jiru yoo ati gadhoomte. Ammayyuu diirama,yoo wal faana kaate Yoo tokkummaan kaatee diina ifirraa yaafte yoo garuu callifte,tuffiin itti fufa, gabrummaan kee hardhaa dhalootatti lufaa Biyyaa abbaan qabne,dhaloota maal eegdaa hardha falmachuun,yookaan gaabbii booda kanafuu Oromoo ka’aa wal barbaadaa akka keenya kalee,akka warra gadaa eenyumma tikfachuun yoo jabaanne qofaa dhaloota ol jedhii,diinni sitti kolfaa.
Ammayyuu diirama,yoo wal faana kaate Yoo tokkummaan kaatee diina ifirraa yaafte yoo garuu callifte,tuffiin itti fufa, gabrummaan kee hardhaa dhalootatti lufaa Biyyaa abbaan qabne,dhaloota maal eegdaa hardha falmachuun,yookaan gaabbii booda kanafuu Oromoo ka’aa wal barbaadaa akka keenya kalee,akka warra gadaa eenyumma tikfachuun yoo jabaanne qofaa dhaloota ol jedhii,diinni sitti kolfaa. KALEESSAF DHEENGADDA, KICHUU HEDDUU MURTEE DHIIRAA DHALAAN JENNE HUNDHEEDHUMAAN HAAMTE. Biyya tuffatan harreen garmaamanii duraanuu mammaaksaan, dhalootarraa dhaaltee hardha callisuun kee sodaamoo ni deetee qe’een kee onuufi hubadhu yoo feete Hunduu harka keeti,yoo ati lolattee kabaajaan hin jiru yoo ati gadhoomte. 03/03/2015 Caalaa Hayiluu yaadannoo Bosona keenyaf,(CILAALOO )
Warra Baqataa kanaatiis Haa sabbarsiisu GALATOOMAA, Koree Waajjira Tokkummaa Baqattoota Hawaasa Oromoo Yaman,
OROMIYAA DAANDII ” SIYAASAA FI DIINAGDEE” KAMMIIRRAA GARAM? Kutaa 3ffaa fi kan maayyii. #stopTPLF #StopabayTeshaye #Oromoodidaa Qabsoon bilisummaa saba oromoo hooggana gahaa fii waalta’aa akkanaa tokko dhabu irraa kan ka’ee haccuccaa haalaan cimaa ta’ee keessa jiraachuun mamii maleedha. Sabni keenya sadarkaa biyyaatti fi adunyaattis gola sirna siyaasaa kan waliigala( National institution) humnoota, jaarmayootaa fi qabsaawoota Oromoo mara irraa ijaarame qabaachuun isaa bu’aa kana jedhamee herregamu hin dandeenye qabaata. waan ammaan dura hin guutamne akka guutatuus isa gargaara jechuu dha.
Kanneeniis; • Baayy’ina humna namaa, qabeenya, beekumsaa fi muuyxanno bakka bakkatti fafacca’ee wal quba hin qabne bakka takkatti deebiisuu fi qindeesuun diina Oromiyaa irraa buqqiisuu qofa irratti akka fuula deefatu godha, • Qabsoo bilisummaa Oromoo bilchina siyaasaa goonfachiisee ollaa fi adunyaa birratti fudhatama ykn dhageeyytti guddaa akka argatu waan gochuu danda’uuf, • Humnoota qabsoo bilisummaa Oromoo bakka bakkatti jaaramani walhubannoota dhabarraa kan ka’e sababa gahaa hin taaneen akka diinatti wal-ilaaluuf wal-irratti duulan, waljibuu fi wal abaaruu hojii godhatan, waliin hojjachuu dhabuun, waliitumsuu dhabuun , dabreetiis diina kaayyoo faashisttoota ABUT dagachuun humna, diinagdee fi yeroo walirratti balleeysuu waan dhabamsiisuuf jecha, isaan kana illee waan qajeelchuuf, • Gaafatama gararaa kan dhimma guutuu biyyaa, tabaroo fi daangaa siyaasaa qabsoo bilisummaa Oromoo murteeysuu, hiree saba keenyaa ilaalchiise harka Gola Agoobara Adda Tokkummaa (maqaa fedhee itta haa baafatan) kanatti waan galchuu jecha sabni keenya murtii akka dhihoo kana humna Oromoo yartuu takkaan murtaawuun akka hin rakkanne ykn hin dararamne waan gochuu danda’uuf, • Rakko ijaarsaa fi hoogganaa irraa kan ka’een qabsaawoota hamilee fi abdiin isaanii tuqamtee, qabsicha irraa uf igiitan rakko isaanii hiikee abdii fi hamilee guutuun deebi’anii qabsoo bilisummaatti akka bobba’an waan karaa saaquuf, • Hayyootni Oromoo samuu bilisa ta’een , tilmaamsa diinagdee Oromiyaa kan eega Oromiyaan bilisoomte booda ittin bultuu fi sirna bulmaata ishiile ilaalcha dhaaba tokkootiin alatti seenaa bulchiinsaa fi muuxannoo sabichaa irratti hirkachuun bilisa ta’anii akka qopheeysan gochu irratti fuula akka deeffatan waan gargaaruuf jecha, • Akkuma bilisummaan dhihaachaa dhufuun, murnnooni aangoof machaawwan tokkummaa Ummata Oromoo jeeqama keessaa akka hin seesine waan hanqiisuuf jecha, • Dhaabootni Oromoo waan irratti waliif galu dadhaban hunda murtii ummata Oromoof bulchuudhaan ( haa bultu dubbiin) waannuma irratti walii galan irratti akka hojjatan daangaa daangaa hundaan beekame waan goosisuu danada’uuf, • Wal dorgomii siyaasaa bilisummaa booda karaa nagaatiin dhaabootin siyaasaa Oromoo gochuun barbaachiisaa ta’uu itti amanaan sirna gadaa( dimookiraasi) aadaa siyaasaa Oromoo kan boruu ta’u waan ragaasiisu danda’u jecha, • Alagaa birratti sagalee tokkoon tokkummaan dhaabachuu fi iyyachuun akka danda’amu waan godhuuf jecha, • Garaagarummaa ilaalcha bulchiinsa siyaasaa (administrative ideology) xiqqaan tokkummaa keenya guddaa fi murteeysaa ta’ee akka hin tuqamne ykn hin diigamne , garaagarummaa jiru waliif beekani akka waliif kabajan waan gochuu danda’uuf jecha, • Murtii sabni Oromoo eega bilisa ta’ee booda murteeysuuf tabaroo itti qabu irratti, waa murteeysuu fi murteeysu dhabu irratti wal falmuu dhiisuun carraa uummata Oromoo murtii sanaan isa gahuu qofa irratti akka xiyyeeffatamuu waan karaa waloo saaquuf jecha, • Dhawaata kana keessatti walbulchuu fi waliifis buluu irratti muuxxanno waan sabichaa fi qabsaawootas goonfachiisuu jecha, • Qorranno tikka Oromiyaa fi duuguugaa sanyii saba Oromoo irratti godhame sirnaan godhuudhaan waan gabroonfataan biyya teenya keessatti yakka daangaa hin qabne saba Oromoo irratti hojjatee fi hojjachaa jiru keessa isaa beekuuf tattaaffi godhamu waan gargaaruuf jecha, • Hamilee ummata Oromoo haalaan ool-kaasee tokkummaan bilisummaaf akka kaka’u daran waan isa gargaaruuf jecha, • Tokkummaan ummata Oromoo akka sibiilaatti akka jabaatu waan karaa haxaahuu fi gargaaruuf jecha, • Hooggana wal-hubannootaa fi marii gola Gola Agoobara Adda Tokkummaa ( Broad based National liberation institution) kan walligalaa kanaatiin alatti mataa isaatiin waan isatti fakkaate hojjatee rakko fidu buqqiisuun akka danda’amu waan gargaaruuf jecha, • Sabaa , saba lamootaa fi umattoota akka Oromootti cunqurfaman maraaf tarsimoo waloon irratti hojjatu kan waliigalaa haaraya baafachuuf waan qabsicha gargaaruuf jecha, • Oromoon ajanadaa isaa irratti hirkachuuu fi sirriittis beekuu fi uftummaan humnoota motummaa Wayyaanee morman ijaaruuf waan isa gargaaruuf jecha, • Gadaa (umurii) diina kaayoo waan gabaabsuuf jecha, • Dhimma dhaabaa tokko irra dhimmii guutu biyyaa fi dantaa ummata Oromoo kan waloo waan hunda kan caaluu akka ta’ee hubannoota gahaa ummatichaaf waan akeekuuf jechaa fi • Humna waraana Oromoo jabaa tokko kan wabii nageenyaa fi guddina ummata Oromoo ta’ee tokkoo, kan bu’urii isaa lafa irra jiruu fi qabsaawaas jiru dandeetti WBO karaa humana namaa, qabeenyaa fi dhiheesiin ol kaasuun tarsimoo ool aanaatti waan tarkaanfachiisuuf jecha tokkoomuun qabsaawootaa fi ummata Oromoo argamsiisuu fi tiksuun bilisummaa sabichaa fi biyya Oromiyaatif murteessa dha. Haali barruu kutaa 1ffaa, 2ffaa fi sadaffaa kana kessatti hanga tokko tutuqame kuni guutamnaan, deebiisaan mata duree barreeffama kanaa Oromiyaa daandii”Siyaasaa fi diinagdee kammiirra garam? “ jedhuuf , daandiin Oromiyaa gabrummaa irraa gara bilisummaa fi walabummaatti malee karaa biro ta’uu hin danda’u. Karaa diinagdeenis yoo ta’ee, qabeenyaa ummata Oromoo bara 150 ol saamamaa bahee fi ammas itti jiramu hunda qabeenyaa mootummaa ummata Oromoo jalatti deebbiisuun, saba Oromoof wal qixatti akka dhuunfaa isaa jallatti deebbi’u gochuun alatti mali biro hin jiru. Yoo haali kuni hin guutamne garuu, gaafii kanaa faalla ta’uun bakkuma jiruutti lafa dhiituu fi of duubba deebbi’uun ilee ni mala soda jedhuun qaba. Itti gaafatama seenaa haalaan ulfaataa ta’e kana bahuu dhabuun ummata Oromoo dhumiinsa lamafaaf qopheeysudha. Waan ta’eefis, haalleen kuni akka guutaman gochuuf Oromoo martuu dirqama dhalootaan qabuun gurmaawuun kan isa irra jiru ta’uu hubatee, itti gaafatama seenaan dhuunfaa fi waloon isaan feete kana bahuu qaba. Karooraa fi ajandaa isaaf ifaa ta’een hojjachu qaba malee ajandaa faashistootni isa doorsiisuuf malaan dadarbatan irratti yeroo isaa gubuu fi waccuu hin qabu. Keessaahuu, hayooni Oromoo kaneen waldaya qormaata Oromoo keessatti uf ijaaranii haala ummata Oromoo bali’naan qoratanii fi guutmatti sab-boonntootni Oromoo bu’ura barruu kana keessatti kaka’an kana irratti hojjachuutu irra jira. Oromoo tokkeen yoo rakkoo saba isaa irra gahaa jiru itti dhagahamee itti gaafatamummaan itti dhagahame, guutuun sabaas mirga tokkee Oromtichaaf/tiitif/ yoo kan dhaabatu ta’ee, sirnaan gurmoofne yoo kaane injifannoon fagoo hin ta’u. Diinni keenya hedduu dha.Isaan kana dura dhaabachuuf afaanin qofa osoo hin taane hojii lafa irratti jijjiirama fiduun injifannoon keessaa bahuuf jaalanuus jibbinuus tokkummaan qabsaawuun keenya dirqama seenaan nuun fedhe ta’u hubanne itti gaafatama seenaa kan waloon qabnu kana bahuu irratti fuula deefachu qabna.
Diinni keenya hedduu dha.Isaan kana dura dhaabachuuf afaanin qofa osoo hin taane hojii lafa irratti jijjiirama fiduun injifannoon keessaa bahuuf jaalanuus jibbinuus tokkummaan qabsaawuun keenya dirqama seenaan nuun fedhe ta’u hubanne itti gaafatama seenaa kan waloon qabnu kana bahuu irratti fuula deefachu qabna. Yoo kana goone, Kufaatti faashistoota ABUT shaffisiisuun bilisummaa ummata oromoo fi walabummaa Oromiyaa shaffisiisuu dha jedheen amana. Tokkummaan humana! ABOn shakkii malee ni humnooma!! Oromummaan haa jiraatu! Injfannoo ummata Oromoof!
Nama borii nuhaa godhu.
Namni mana tokko jaaru citaa wal hin saamu By Jafer Ali Bitooteysa 19, Br 2015, Jaafar Ali, Norway Irraa Ee guuzni mana tokko jaaru citaa wal hinsaamu ja’a Oromoo hoggaa makmaaku. Manni isaan ajjeeran kan abbaa tokkoo waan taheef warri saamee citaa bareedaa dhaan ajjeere gama isaaniitiin bareechanii ajjeeranillee, gamni saamame ammoo addeela kaaniin citaa saansaankaa hinqabneen waan ajjeeruuf dirqamaniif maayyii irratti manni gam tokkoon tolee karaa kaaniin dhim’isuun isaa hin oolu. Tanaa fii tana jidduu kan miidhamu eenyu yojenne eenyuyyuu osoo hintahin abbaa manaati. Kanaafuu warri mana tokko ajjeeru citaa wal saamuu hinqaban. Yo guuzni akkasii isa mudate ammaas leeccalloo isaatiif jecha kan eeggannaa godhuu qabu eenyuyyuu daran abbaa sa’ooti. Abbaa mana isaan ajjeeran saniiti jechuu kiyya. Arr’a mata duree kanaan qalama luqqaafachuun kiyya qotaa ykn hookkara garee sab-qunnamtii Oromoo jiddutti gara kaaba Ameerikaa kana iraa dhagayamu irratti gorsa gama kiyyaa gumaachuuf hoggaa tahu, san duratti mee muuyxannoo fakkaattuu takka takka haa mil’annuu. Rakkoon akkasii dura kan calaqqise jaarmayoota siyaasaa oromoo keeysatti. Jaarmayoota siyaasaa oromoo hoggaa jennu ammaas OPDO dhaas kan ammatu tahulle wal a’insi dhimma oromoo irratti OPDO waliin godhamu ammoo kan suduudaan wayyaanotaan taligamu taachaa akka guuza mana tokko ajjeeruutti citaa walsaamuudha jechuun dhugumattuu nama dhiba taha. Hordaa jaarmayoota walaba tahan jidduu turee fii ammaas jiru garuu fakkii godhachuu nidandeenya. Fakkiin duraa walwaraansa baha oromiyaa keeysatti Br. 1976 – 1992 ABO fii IFLO gaafasii jidduu ture hoggaa tahu gareen lamaanuu warruma mana tokko jaaruuf bobbahan tahanille dilas wagalaafachuun isaanii dhugumattuu fuula gaddisiisaa seenaa qabsoo bilisummaa oromooti.
Jaarmayoota karaa dadaatiin qabsooyna ja’anii biyya keeysa sossoohanii fii warra qabsoo hidhannoo filatan jidduus baroowwaniif ololli diigaan adeemsifamaa akka ture kan haalamuu miti. Kanneen waliin ala jiraniis taanaan deeggartootaas dabalatee bifa qaroomeen akka masaanuu siyaasaatti, ammoo akka guuza mana tokko jaaruutti osoo citaa wal hinsaamne waliin sossoohuu dadhabuun isaanii hanqina malee wan biraa ja’amuu hindandayu. Hanqinni kun ammaas hanqina waliigalaa taachaa kan eeru jaarmayoota hawaasummaa keeysattiis calaqqisuu isaati. Kanaafiis rakkinuma amma sab-qunnamtiilee oromoo jidutti mul’atu qofa maqaa dhahuun gayaa dhaa oli. Sabni oromoo baroowwaniif keeysaa fii alattiis media mataa isaa kan isa tajaajilu osoo hinqabaatin as afe. Jaarraa odeeyfannoo kana keeysatti akka sabaatti media dhabuun ammoo arraata dhabuu dha. Sagalee dhabuun ammaas qabsoo bilisummaatiis dabalatee roga hundaanuu tabaroo dhabuu akka tahe dubbiftoota kiyyatti himuun yeroo qisaasuu malee mo’oya hinqabu. Sab-qunnamtilleen oromoo kanneen bifuma fedheenuu bu’uramanii fii saba kanaaf arraata taana ja’aniis ba’aa seenaa fii yeroon qonyee isaanii irratti jiiysan tana hubachuutu irraa eeggama. Kun tahuu baatnaan warraaqsa sabaa tin’isuu akka hindandeenye hubachuu qaban. Tin’isuu dadhabuu qofa osoo hintahin dhibaawinsa qabsoo tanaatiifiis beekaatiis tahe osoo hinbeekin qooda gama isaanii gumaachaa akka jiran dagachuu hinqaban. Akkuma beekkamu rakkinni media oromoo humna gayaa horachuu dhabuudha. humnuma faffacaatee jirtu tanaahuu qindeeyfatanii tajaajila wayyaa gumaachuu dadhabuun osoo isaan hinhanqatin ana malee jechuu dhaan tokko kaan liqimsuuf ykn jilba waljalaa ciruuf tattaafachuun ammoo yo tahees qaamuma hanqina waliigalaa kan armaan olitti eerame saniiti.
Akka mediatti humna jechuun saaqaas dabalatee waliigala ogumaa fii dhihana technology hunda tahuu isaati. Deeraa oromoo keeysaa ammaas tokkolleen hindhabamne. Kan dhabame bifuma fedheenuu dhihana kanneen hunda qindeeysanii humna taasisuu dha. Dhugaa dubbachuuf bara dabre gaafa OMN ifatte hujii jalqabu abdiin hin eeggamin takka walaqqifteeti turte. suniis OMN medialee oromoo kanneen humna xixiqqoo dhaan faffaca’anii liikkisan hunda walitti caasee akka humna tahanii fii qilleensa oromiyaa dhaqqaban nitaasisa abdii jettu hoggaa tahu hamma ammaatti ammoo tahuu hindandeenye. Maaliif akka hindandayin shalaguun dandayamullee suduudaan jala muruun ammoo nama dhibuun nimala. Gama tokkoon jalqabuma irraahuu warri OMN komatu hoggaa dhagayaman OMN tahuus osoo oolee hinbulini alaa fii keeysa isaa irraa hamatamuu jalqabe. Fakkeenyaaf ofmulqinsa hoogganaa boordii OMN kan duraaniitii fii lakkisanii bahuu hojjattoota adda addaa maqaa dhahuun nidandayama. Surphaan caasaa amma jirtu keeysatti godhamee fii keeysumattuu gurmaawinsi caasaa ardiilee garagaraa keeysatti adeemsifamaa jiruus hoggaa laalamu jaarmayni silaa abdii sabaa tahee laalamu kun ammallee rakkina dhawaataan isa mudachaa jiru kana irraa kan barate hinfakkaatu warri ju’uus tokkoo fii lamaa miti. Ji’a dabre irraa eegalee ammaas murni media fakkaataa hundeeysuuf carraaqu tokko sochii akka jalqaban nidhagayama. Sochii tana laalchisee jette jetteen gama kaaba Ameerikaa irraa dhagayamtu ammaas tan abdii bara dabre walaqqifte san daranuu golgoleeysitu fakkaatti. Jechuun akkaataa kanaan agoobara OMN jalatti walitti qabamanii humna cimtuu takka horachuu irratti kan milkaawaa jirru natti hinfakkaatu. Kana jechuun koo ammoo filmaatni qabnu tokkichi tokkoo fii tokko qofa tahuu dha jechuu kiyyaa miti.
Haala amma keeysa jirruun dhihanni nuti qabnu murtaawaa waan taheef malee silaa akka bal’ina keenyaatiin media meeqa nufeesisa? yo ja’ame meeqaantam tahuu akka qabu kan hinhubatne yojiraate kan hubachuu hinbarbaadne qofa natti fakkaata. Sababni isaatiis gam tokkoon balbala jirtu hunda dhadhawanii odeeyfanoo hinxilifuuf qaamni adda addaa carraa gara garaa heluu caalaa dorgommiin medialee jiddutti uumamtuus systema odeeyfannoo kan naamusa, amantaa fii ittigaafatama qabu ni uumti ja’ameeti amanama. Siistemni masaanummaa kan dorgommii fayyaaleysa taate irratti hundaawe kun ammaas sab-qunnamtiilee qofa osoo hintahin jaarmayoota siyaasaatii fiis nihojjata. Sab-qunnamtiilee oromoo baannee hammana eega jenne ummata oromoo irraa hoo maaltu eegama? gaafiin jettuus ka’uu hin ooltu. Medialees tahe jaarmayootni siyaasaa oromoo akkumaan jalqaba irratti ibsuuf yaaletti warra mana tokko jaaru itti hoggaa fakkeeyfaman ummatni oromoo ammoo abbaa mana sanii tahuu isaa ti. Guuzni citaa walsaamu mana isaa akka buxa hindhoorkine toohachuun ammaas qooda abbaa guuzaati jenneeti jirra. Qooda qofa osoo hintahin inumaa dirqama isaati amantaa jettuun qaba. Akkamiin toohachuun dandayama? tan jettuus gaafii biraati. Gaafii tana deebisuuf ibsa bal’aa kennuun feesisullee, Tarkaanfiin jalqabaa caasaa seeraa tan toohannaa fii ittigaafama hindaddaaqne mirkaneeyfatte diriirsuu dha.. Siistamni toohannaa kan lamadaa dorgommii dha. Sab-qunnamtiilee qofa osoo hintahin jaarmayni siyaasaatiis tahu karaan itti leenjifamuu dandayan guddaan dorgommii hujiiti. Hujiin tokko kan madaalamu ammaas itti baha isaatiin waan taheef hordoftootni kan caalaa laphaalapheeysa isaanii caqasuu fii quuqaa irraa buqqisu filatan.
Hujiin tokko kan madaalamu ammaas itti baha isaatiin waan taheef hordoftootni kan caalaa laphaalapheeysa isaanii caqasuu fii quuqaa irraa buqqisu filatan. Madaala kanaan hundinuu osoo hinjaalatne fedhii abbaa guuzaa guutuuf dirqaman jechuudha. Toohannaan maayyii hariiroo hawaasaati. Hunda dura hawaasni jaarmayoota hundaahuu osoo tiifoozoo ykn dabbalootaan hindhiibamne ija takkaan laalu qaba. Hundaahuu dandayu deeggaruu fii dadhabu balaaleyfachuu dhabuutu irraa eeggama. Dhawaataaniis kan caalaa hojjatu daran deeggaruu fii kan hujii isaatiin cuqun ifdibu ammoo balaaleyfachuun waan hin oolamneef keeysumattuu jaarmayoota gumaata hawaasaatiin jiraatan biratti sodaan roga kanaan uumatuus siistema toohannaa kan ifdandaye tokko ja’ameeti amanama. Tarsiimoo gara biraa hedduu tarreeysuuniis nidandayama. Bal’inaa yeroo biraa itti dachaanaa tii ar’aaf kanuma naaf guddifadhaa. Bitooteysa 19 Br 2015 Jafer Ali, Norway irraa
Baqattoonni kun ala taa’uu irra mooraa baqattootaatti yoo galle daran gargaaramuu dandeenya waan ta’eef dhaabi baqattootaa UNHCR isa kana yaada keessa galchuu dhaan dafee akka nuu dhaqqabu iyyanna jedhu.
Obboleewwan lama turan kan dukkana isaanii keessatti ibiddi itti lakkifame. Tokko lubbuun isaa dabrite, inni lammaffaa hospitaala jira. Hookkarri lammiilee biyyoota Afrikaa biroo kanniin Afrikaa Kibaa keessa jiraatan irratti xiyyeeffate torbaan kana keessa babal’achuu isaati kan gabaafame. Lammiileen Itoophiyaa Afrikaa Kibbaa jiraatan kanniin hookkarri kuni lubbuufi qabeenya isaanii galaafate keessaa tokko. Jimaata dabre namoonni hookkara jibbaa namoota biyyoota Afrikaa biroo irra dhufaniin guutame lubbuu Tasammaa Maarqoos galaafatee obboleessa isaa Aleeks Maarqoos hubaatii hamaaf saaxileera, akka gabaasa Times Live mul’isutti. Qabeenyi isaanii kan eloo ganna hedduun wolitti qabame hanga limsuu ijaatti boombii gaazaan daaratti geeddarame. Tasammaa Maarqoos imala dheeraa bu’i bayii hedduun guutame dandamatee baatii 4 dura ture kan Afrikaa Kibbaa seene. Aabjuu isaa osoo hinjiraatin kan lubbuun isaa galaafatamte; aabjuun isaa jaamte. Dubichi akkana ture. Obboleewwan lamaan Afrikaa Kibbaa naannoo Darbaanitti hojii meeshaa qinxaboo gurguruu irratti bobba’anii jiraatu. Jimaata dabre humnoonni badii jibbaa namoota biyyoota Afrikaa biroo irraa dhufaniin guutaman obboleewwan kanniinitti suuqa isaan duubaan itti cufanii ibidda itti gadi lakkisan. San booda maaltu akka ta’e isinumti tilmaamaa. Aleeks , obboleessi isaa du’uu quba kan hinqabne, ‘naannoo sa’aa tokkotiif keessatti nutti cufanii ibiddan nuguban. Gubataa booyaa ture,’ jechuun waan irra gaye siree hospitaalaa irraa gabaastotatti hime. Mataa, harkaafi luka Aleeksii irraa ibiddi hubaatii cimaadha kan geesse. Aleeks, ‘wonti nurratti raawwataa jiru baay’ee nama gaddisiisa. Hundi keenya Afrikaadha. Anaafi obboleessi koo hujiin alatti waan birootti hinjirru. Maaliif nu ajjeesu?’ jedhe. Tasammaan ibiddaafi aara dandamachuu hindandeenne.
Tasammaan ibiddaafi aara dandamachuu hindandeenne. Hafiinsa lubbuu Aleeksiif sababa kan ta’e namicha isaani ‘container’ irraa kireeffatanii ture. Konteenara cabsee irraa banuu qofa osoo hintaane ibidda qaama isaanii guutummatti nyaataa tures irraa dhaamsuu danda’eera. Haleellaafi hookkarri Afrikaa Kibbaatti kaluu kana akka haarawaatti ka’eef sababa kan ta’e mootichi Zuuluu Goodwill Zwelithini lammiiwwan biyya biroo akka Afrikaa Kibbaa keessaa ari’aman mootummaaf waamicha dhiyeessuu isaati jedhama. Gara boodaatti waamicha dhiyeessuu isaa waakkatuuf yaalus woraabbiin sagalee mooticha Zuuluu kan mirkaneessu, ‘lammiiwwan biyya biroo irraa dhufan fe’atanii gara biyya isaaniitti deebi’uu qabu,’ jedhuu isaati. Bifuma wolfakkaatuun ilmi perezidaant Jaakob Zuumaas, ‘boombii dhooyuuf deemu irra taa’aa jirraachuu keenya quba qabaachuu qabna. Lammiileen biyya biroo biyya nurraa fudhachuuf deeman,’ jechuun saba-himatti hime. Perezidaantiin biyyattii Jaakob Zuumaa hookkara ademaa jiru balaaleffatee kanniin lammii biyya biroo xiyyeeffannoo godhatan adeemsa isaanii irraa akka ufqusatan gaafateera. Hookkara naannoo torbaan sadiif Darbaaniifi naannoo isiitti adeemaa tureen namoota kuma heddu kanniin Malaawii, Itoophiyaa, Somaaliyaa, Moozaambiikiifi Koongoo irraa ta’antu qe’ee irraa buqqa’an, qabeenya isaaniis saamaman. Nammoonni kumaatamatti laakkawaman mooraa quphannaa yeroo heddu keessa jiraachuudha kan himamu. Moorama kanniin keessattis nagaafi tasgabbiiin dhabamuu isaati kan nama gaddisiisu. Jimaata dabre mooraa quphannaa yeroo 11 irras haleellaan gayuun gabaafameera. Maddi: Awaash post
Garagarummaa Dhaabota Oromoo gidduu By Ibsaa Guutamaa Sabaawota Oromiyaan kan ijaaraman dhaabota hedduutu jira. Garuu akki isaan akeeka qabsoo Oromoo itt ilaalan adda addaa. Oromoo tahu taatotaa malee garagarummaa akeekaa fulduratt fidanii kan irratt mari’achiisan hin jirani. Kanaafii afaaniin haa tahu barruun yeroo namooti mooraan gargar bahanii walitt bu’an, “Diina dhiiftanii maaliif walitt bobbaatu?” gaaffiin qeeqa fakkaatu, kallattii hundaan ka’aa jiraate. Kaasaa walitt bu’aa kanaaf kan dhimme jira hin fakkaatu. Oromoon mooraa walgaarreffatan adda addaa keessa jiran akka firaatt wal ilaaluu ni dandahu yk akka qabsaawota mooraa adda addaa keessa jiraniitt walii obsuu ni dandahuu? Garaa garummaa kana ifa godhanii furmaata barbaachuu irra, nammi gad qotee akka hin barrre gochuu kan yaalan jiru; kaan kana hubachuu kan hin dandeenye. Dhaabota walaba gidduu rakkinni oo’ifamee himamu hin jiru. Addaddummaa dhaabota maqaa saba tokkoon ijaaraman gidduu akka hinjirrett bira darbuun garaagarummaa sabicha keessa jiru fi saboota godinicha gidduu jiran furuun nama dhiba. Duubatt deebineee qabsoo Oromoo dadhabsiisuuf dira’ina tolfamaa ture yoo laalle hamma yoonaa lubbuun jiraachuun saayyuu nu dinqisisuu hin hafu. Alaa manaa qabsoo walabummaa jibisiisuuf tooftaan hololaa dhimmi itt hin bahamne hin jiru. Dhaabi inni kallachaa, ABOn walabummaaf dhaabbate; “fokkummaa” saa raga hin qabneef sababooti himaman hundii jabina kaayyoo inni hordofuu irra tarkaanfatanii jigsuunii hin dandeenye. Surrii dadhabootaa, ayyaanlaallattootaa fi daddaaqotaa hedduutt huursaniiru. ABO akka dhaabaatt, taatota jiraniin addatt yoo ilaalan malee balaatu qabsoo walabummaa Oromoo eeggata. Kan kittillayyoo diinaa hin taane, duula Qabsoo Walabummaatt bobbahe irratt utuu hin yaadin diinaan gar tokko akka hin dhaabbanne eeggachuun egeree saba Oromoof wayyaa fakkaata.
Gadaan tokko waraana, tokko rooba, tokko beela kkf beekamuun sirna gadaa sabicha hin lagachiifne. Haalli Qabsoon Oromo hardha keessa jirus akka sanatt ilaalamuu qaba. Gogeessi ni darba sirni gadaa garuu itt fufa dha. Barreettiin kun garaa garummaa saba keessa jiraachuu dandahu akka gosootaa fi dhugeeffannoota gidduu hin kaasu. Akkasumas garagarummaa sabota godinaa keessa jiranii irratt hin akeekkatu. Sabi Oromoo mirga sarbame deeffachuuf qabsoon gaggeessu sababa addaddaatiin takaalamee hobbaatii hamilate bira gahuu hin dandeenye. Ummati Oromoo gaafa jaarmaa cimaan of jabeesse qofa dhageettii argata. Dhageettii yoo argate waan halle halagaan murteessuufii keessaa bahee ofiif murteeffata. Biyya abbaa ofii irratt inni gabbaarii halagaan malkanyaa hin tahu. Ummatichi yeroo jaatamoota keessa qabsoo eegale an ummata of dandahe walaban ture malee hirkattuu saba kamiiyyuu mit jedhee jalqabne. Bobbaatiin kamuu konkaa keessatt hin gaggeeffamu, hawaasa firaa fi nyaapha fedha irraa qabuu keessatt deema. Jaarmaa saa kan qilleensi hin galle gochu waan hin dandeenyeef qawwaa halleen kan fedhe itt seenee butucheenii. Kanaaf dhaabota maqaa saaniin jiran kamtu isaan qofaa hojjetu, kamtu bakka jiru hundatt dantaa saanii hin irraanfanne, kamtu dimshashumatt galtuu tahee kan isaan diina muummicha jedhanii itt bobbahan ofii dubbatu caalaa kan isaaf dubbatu, qorachuu qabu. As irratt amma dubbataa kan jirru waa’ee akeeki sirrii taheef hin taanee malee waa’ee malbulchaa miti. Tooftaa fi tarsimoo irratt waligaltee sabaawaan jiraannaan hojiin malbulchaa toora hedduun gaggeeffamuu dandaha. Rakkoon dhufaa kan jiru akka itt Oromiyaa ilaalanii. Oromiyaan biyya of dandahee tahee jiraachuuf mirga qabumoo lata Itophiyaatii? Kan walabummaaf mirga qaba jedhanii fi kan lata jedhan walitt araarsuun akkamitt dandahama?
Gad fageessanii yoo laalan eenyummaa sabicha maaljechisiisuuf irraa ka’a wal fakkaataa hin qabani. Qayabannoo adda addaatiin saba adda adda tahe mullachuuf deema. Kanaaf mooraa lamaan waliigalchuun akka dubbatamu salphaa hin tahu. Yaadi mormituu amanamtuu tahuuf gangalchamaa jiru yoo of eeggannoon qaban malee yaada hamaa Oromiyaa qabaa jalatt hambisu tahuu akka dandahu hubatamuutu irra jira. Namooti sana gangalchan bulanii yaada jijjiiirrachuu dandahu yaadichi garuu bakka kaa’anit hafa. Namooti sana keessatt qooda fudhatan akka abba tokkeett keessi saanii sabboonoo tahu ni dandahu akka murnatt garuu galtuu malee kan biraa tahuu hin dandahani. Dhaabota Heera Habashaa fudhatanii bobba’an hedduu dha jenneerra. Dhaabi ADO ofiin jedhu dhiheenya dhaabbatee isaanitt dabalamuuf yaala jira. Gidduu kana tasisi ADO hankaka aggammii jalqabaaf jedhamee mata duree bu’uratii, as irratt garu waa’een saa addaan hin dhihaanne. Mooraan qabsoo lamaa, tokko kan walabummaa Oromiyaati. Diinni mooraa kanaa finnaa Itophiyaa fi kan isaa tumsanii. Mooraan biraa empayera jalatt Heera Itophiyaa fudhatee akka mormituutt qabsoo nagaan gaggeessa Oromiyaaanis lata Itophiyaati isa jedhan kan fudhate. Mooraa kanaaf diinoti kanneen Heera itoophiyaatt hin bulle. Heerri Republik Itophiyaa Federaalawaa Demokraatawaa lakoofsi 1/1995 akka jedhutti: “Nambiyyaan kamuu, qaamoti mootummaa, dhaaboti malbulchaa, waldooti biraa akkasumas qondaaloti saanii Heericha kabachiisuu fi Heerichaaf bitamaa tahuf dirqama qabu.” Kanaaf abbaan Heericha kakatee fudhate ramaddii mootummaan kennuuf diduu hin dandahu; yoo qawween bobba’uu baate seera tumuu, bulcha adabaa koloneeffataa gaggeessuu, kkf fi galaa dhiheessuun ummata ofii, Oromoo nyaapha godhata jechuu dha.
ABOn Oromiyaa walaaboomsuuf qabsoo malbulchaa fi hidhannoo akka gaggeessuu ijaarame. Isa irraa cite qabsoo nagaan gaggeesa kan jedhu yooyyefamuu qaba. Hamma walabummaa saba saa haalee heera Itophiyaa fi amanamaa tahuuf hin kakannett inni sabboona dha. Bilisummaa of ijaaruu, walgahuu, of ifsuu fi abbaa fe’e waliin waldaa dhaabbachuu Heerichanillee kan beekame. Sun gonka dhagaa walitt darbachuutt hin geessuu. Dubbii kana keessatt nageesso, of irratt hirkataa fi humna hidhate kam irraayyuu walaba. Kanaaf inni waan diinni jedhu karaa nagaan diduu malee dhagaa namatt waan hin darbbaneef lammooti saa waan itt darbataniif hin qabanii. Caalaattuu garri lachuu cunqurfamaaf waan hojjetaniif saganta gadjalaa wal qayyabannoo baafachuu dandahu. Kan gola dhaabbate hundi mormituu amanamtuu tahuu qaba jechuu miti. Garuu biyya sanatt gochi hundi gaagaa qaba, mormituu amanamtummaan illee. Akka onnee fi ilaalcha addunyaa ofiitt gara kan filatu abbaa dha. Bilisummaan yaadaa fi of ifsuu tuqaa muummicha qabsoo Oromootii. Oromoon, diina roorroo fi goolii xaxatee itt bobbahe ofirra ittisuuf qabsoo hidhannoo akka filmaattota keessaa tokkoott fudhate. Nagaan waldhabdee jiru furuuf ijibbaati tolfame dhama’uu qofa ta’e. Garuu koloneeffatan yoomiyyuu caalaa Oromoott roorrisaa, tuffataa, ajjeesaa, hidhaa, guraaraa, achi buutee dhabsiisaa, biyyaa baasaa, saama fi buqqisaa jira. Kanaaf kun sirna shororkeessituu hammaa bahaa seeraa ulfeessu hin qabne. Sirna akkasii fi haala duree tokko malee amanamanii irbuu seenuun Oromoo kumaatamoota hidhaatt guramaa jiranii fi kurnan lamaa ol darban keessa daba loltuu Oromoo hidhaa keessatt irra gahaa jiru ooffalchuu dha. Qaccefixa ummata Sidaamaa, Mazangir, Anuakii fi saboota bicuu biraa ofkalchuu jechuu dha.
Lafa ababilee saani irraa buqa’uu ummata Oomootik fi Nayilotikii akkasumas ummata Oromoo offalchuu jechuu dha. Qabiyyee kolonotaa saamuu fi ijoollee fi dubartii sabota isaaniin mormanii gudeeduu fi kkf; kan daba mootummaan Habashaa si’ana aangoo irra jiruu tarreessee fixuu dandahu hin jiru. “Taa’aa irraa hin qabduu mataatt aguggati” akka jedhamu da’oo tokko utuu hin qabaatiin tooftaa mootummoota of dandahan dhimmi itt bahan akkeessuu yaaluun ofis ummata ofiis ballaa hin caamneef qulleessuu taha. Kan Oromiyaan barbaaddu dhaaba “sayixaruuti abet, sayilikut wadeeti” (utuu hin waamamin owwaatu, utuu hin ergamin eessa dhaqii jettan) jedhu utuu hin ta’in ofirratt amantee cima kan qabu. Qabsoo ummati ofii walabummaa fi qajeeltuuf godhu dhiisanii murna dutaa nama nyaata kan ummata Oromo likkii saanitt galchuuf murteeffatett galuun “nagaa” eenyuuf argamsiisuufii? Bakka ittisi lolaa barbaachisu dhiisanii madda lolaa bira goruun nagaa eenyuuf yaadameetu? Qabsoon “nagaa” sirnicha keessa taa’anii utuu hin tahin isa ala tahaniitu. Inni sirna koloneeffataatt galanii godhan dorgommee angoo seerawe jedhama. Akka Itophiyaatt waliigaltee murnoota sirna kolonii empayeritt fudhatanii wal gidduutt eeboo utuu hin mirmirsin jaallatee haa tahu dirqisiisanii irba ummati buusuun bakka waljijjiiruutii. Qabsoon adda walabummaa fi kan mormituuu akeekaanis kaayyoonis adda addaa. Mormituu tahuu jechuun dorgommee angoo walirraa hin citne keessa seenuu dha. Golli malbulchaa hundi riqa aangoott gaafa Waaq jedhe ol bahuuf darabee eeggataa jiraatu. Kan aangott ol bahu hundi qawwee fi sirna TPLF biyya ittiin gooluu fi hariiroo inni hamma yoonaa uume hunda dhaalaa.
Kanaaf isatt galuun utuu hin turin dutaa tahanii akka miltolee saanii “Likkiin isin galchaa” jeekkaraa as bahuufii. Qabsoon walabummaaf godhamu sirna kolonii diiguuf malee kabeebsuuf miti. Qabsoon walabummaa angoo hacuccaa wal jijjiiruuf utuu hin tahin hacuuccaa jalaa birmadoomuufii. Nagaan jiraachuuf dinnummaan dhabamuu qaba. Dinni Oromoon waliin qabu eenyu? Kan isa qabachuu fi raayyaa bobbaaasee fi itt roorrisaa jiru mitii? Eegaa haala akksii jalatt Oromoon isa waliin dhaabbatanii akka inni Oromiyaa irra diriirfatu tajaajila guutuu kennaniif akkamitt isaan addati ilaalamu? Kanaaf “Wal dhiisaa diina irratt fuulleffadhaa” gorsi jedhu eenyuu fi eenyu fa’iinii? Gorsi kun jara akeeka tokko qabaniif ni hojjeta taha. Kanneen kaayyoo ganama gad hin dhiisin booddana qalbii horatanii kan ilaalchaan wal fakkaatanin walitt dhufuu yaala jirachuun ni mullata. Mooraa tokko keessa taahanii dhagaa walitt darbachuun of ajjeesuu akka tahe hubatan fakkata. Yoo mooraa lamaan qabsoo Oromoo himatan herrega keessa hin galchine xumura dogoggoraatt geessuu dandaha. Qabsaawoti Oromoo kan akeekkatan sirna koloneeffataa kan mormituu amanamtuun qooda keessaa qabanittii. Dhaabi tokko dhaaba Oromoo jedhameef addatt baasanii qubaa itt hin qabanii. Kan Heerichaaf dhabbatee hundi mooraa walabummaa keessa kan jiraniif hamajaajii dha. Haa tahu malee namooti waa hubuuf humna hin qabne fi kan waan jedhan hojiitt furu hin sonoofne dhagaa darbachuu jalqabuu yk afaaniin eenyuunuu tuquun bu’aa saa irra, hamaa inni fidutu caala. “Mooraa addda addaa keessa jiraatanii wal hubachuun hin dandahamuu?” gaaffiin jedhu ka’uun ni mala. Kun dammaqinaa fi leelloo jaalbiyyummaa qaban irratt hundaawaa. Abboolii fi haadholiin yeroo nutt himan, nammoti Oromoo, dur keessa diina quwachuuf biyya halagaatt galanii isaan keessaa fuudhanii fi heerumanii isaan fakkaatanii jiraataa jireenya saanii guutuu saba ofiitii lafjala iyyaatii qaruutee dabarsaa turan jedhu.
Yoo ofirrummaa fi buubi ofumaa dhoowu hin jiranne kun suukii sabboonummaan godhamuu dandaha. Haalli hawaasaa kantaraa miti; misa agarsiisaa deema. Kanaaf yeroo yeroon xiinxaluu dha. Malbulchesooti ogeeyyiin haala hamaatt akka dhimma bahuu dandahan beekutu abdatama. Sadarkaa sana gahuun ofbara qixa olhaanaa, of kenna, kaasaa saba ofii fi dudhama fi mataa fi garaa qulqulluu qabaaachuu irratt hundaawa. Qabsaawoti timjii darbuun waan eegalee Oromummaa fi nafii Oromoo akkasumas bu’uurota safuutt hedaman irratt qayyabannoo waloo uumuu dandahuu? Hanga sun tolfamutt qabee mooraa gamaa secca’anii baruu qabsaawaa walabummaa ni rakkisa. Silaa haalli dansi utuu Oromoon finnaa empayera Itophiyaa mallattoon saa faajjii bifsadee, magariisa, keelloo fi diimaa taheef amanamummaa kakachu hin baanne misha ture. Nammi surrii nagaa akka Oromoon walabummaa dhabe deebifachuuf mirga qabu hin haalu. Daayi Oromoo Itophiyessoota, nambiyyaa Itophiyaa jedhamanii gurguddoo Habashaan haammatamuu dha. Akka sana taanaan gara Oromoon yoo laalan isaaniif OPDO gidduu garagarummaa maqaa malee kan biraa hin jiru. OPDOnis lootuu Dargii boojuun TLF ijaaruun seenaa dha. Hardha miseensoti saanii hedduun kanneen sana as dhalatan loltuumitii dha. Mormitooti jiraachu kan hayyamte, “Akka hin komanne waamii akka hin nyaanne irraa dhiibi” isa jedhamu. Ulaagaa golli demokraasii tokko guutuun irra jira jedhamu TPLF akka argatuuf malee wayittt bahu jedhamee miti. Yoo akka tasaa qabsoo keessaan jijjiirrami ni dhufa tahe taatoti amma jiran taa’anii hin argani. Seenaan galtuu kanuma agarsiisa. Injifannoo sochii walabummaa qofatu akka ummata birmaduutt filannoo ballaa kennaafii. Garaa garummaan mooraa walabummaa waliin qaban empayerri diigamu malee waan walitt araaramu miti.
Dhaaboti kaayyoo qabsoo Oromoo isa ganama fudhatan gar tokkott luucca’aa jiraachuun ummatichaaf abdii guddaa dha. Kanneen ADO irratt ilaallachuuf kan riphaan jiru taanaan isa qabatan of jalaa bacancarsuurra ejjennoo saanii keessa deebi’anii ilaaluu feesisa, takka isaan eegsisuun hin hafuu. Gabaabaatt Mooraa Walabummaa keessa kan jiranii fi kanneen Mooraa Itophesitoota keessa jiran walfakiin himatan yoo jiraate maqaa Oromoo dhahachuu qofa. Kanaaf malee lachanuu mooraa itt galli saanii adda adda tahe keessa jiru. Tokko mirgoott isa kaanii mirga tahuu dandaha, akka Bakar Waaree fi Mokonnin Guddisaa. Kanneen “Dhagaa walitt hin darbatinaa” jedhan garagarummaa dhaaabota Oromoo akkasitt ilaalaniiruu laataa? Yeroo mirgaa fi qajeeltuutt dhufu, Oromoo tahuu himachuu utuu hin tahin kabaja mirga ilmoo namaa fi Oromoon hiree sabummaa ofii ofiin murteeffachuu qabu hojiirra oolchuu dha. Hiree murteefachuun mirga ummata Oromootii. Mirga hiree murteeffannaa murna haa tahu abbaan tokkollee dhoofsisaaf dhiheessuuf seera hin qabu, timjii irra hin darbamne. Gaaffii walbummaa yk ofiin bulummaa Oromiyaa fi bilisummaa Oromoo addatt kan laalu sammuu kalamsaawe. Sana dhoofsisaaf kan gargar baafatu ummata Oromoo qofa. Itophiyaa na tolchaa jedhee kan maganu, isaanuu gaafa rakkinaa maqaaf Itophiyaa ofiin haa jedhan malee, gaafa dhugaa Amaaraa fi Tigree dha; mooraan saanii lama caalaa hin qabu, akka sirna Ameerikaa faa; taasisa haaraa mirga walqixxee fedhu ofitt dabaluun anjaa hin qabuufii. Maal haa baasuuf dhama raasuree? Dhadhaawoo hin bahuu! Abba fedhe haatahu ilmaan namaa namummaa saaniif ulfoo dha. Yaada irra darbanii kan yaada burqisiisan tuquun addagummaa waan tahuuf safuu dha. Nammi tokko balleessaa yoo qabaate hardha yoo hin taane bor seeraan adabamuu dandaha.
Yaada garuu biinxa’anii dogoggora sirrii irraa gargar baasanii mullisuun saaxiluun akka. Qabsaawota gidduutt wal qeequu fi of qeequun fedha irratt hundaawe misuu qaba. Kana malee guungummii fi of qofti miidhamaa akka tahett dhiheessuun barsiifata homishaawumaa hin qabne. Kan baraan wal hin fakkaanne akkasii of irraa gatuun bu’aa qaba. Hogganooti hamma nammi irraa eegu hobbaatii argamsiisuu hanqatu taha. Sun waan ittiin arabsaman yk abaaraman tahuu hin qabu. Hamma irba amanamummaatt fiduu danda’amutt kan jiran jajjabeessaa yabboo banaan yoo jirate irratt qeequu dha, yoo hin jirres tokko uumuu dha. Qabsaawoti sochiin bilisummaa Oromoo hamajaajii hundi balleessuuf irratt xiyyeeffatan dadhabina hoggansaa haa tahu talisummaan akka hin banne itt gaafatama dammaqanii eeguu qabu. Hogganootis burquqa maa qeeqmnee dhiisanii akkaataa dhaaba keessatt walamantee fi keessaanlaalummaa gad ijaaran faluu dha. Yoo xinnate heera dhaabaa kabajanii kabajchiisuu dha. Moora koloneeffataa keessa murnooti jiran hundi aangoo empayerittii qabachuuf dorgomu malee caasaa empayerittii diiguuf miti. Faallaa sanaatt kan amanan yoo jiraatan QBOf isaan waliin hidhata uummachuun ni dandahama. Sana yoo hin tahin qofoo golee afurii boolla martii keessatt qofa’uu yaaluu taha, walitt hin tahanii. Waanti goonu keessaanlaalii, wanti holollu soba golguuf irra diddibamee dhihaachuu hin qabu. “Gamna gowwoomsuun jibba barbaacha” isa jedhamu yaadachuu dhaa. Waan utuu oolee hin bulin ifa bahu huffisuun huffee nama jechisiisa. Kan kanaa olii ilaalcha mooraa walabummaatii. Mooraan kun yero amma faaraa warraaqsa gaggeessuuf barbaachisu agarsiisaa hin jiru. Tattaaffiin godhamu mooraa isa biraa irra cimaa fi shaffisaa yoo hin taane haalli too’achuu hin dandahamne uumamuu dandaha.
Tattaaffiin godhamu mooraa isa biraa irra cimaa fi shaffisaa yoo hin taane haalli too’achuu hin dandahamne uumamuu dandaha. Warri Abbaa Gadaa utuu bakka keenya tahanii maal godhu laata jedhanii of duuba mildhachuun barbaachisaa dha. Miseensi gogeessa gadaa sirna Gadaa demokrasiin marii irratt qooda fudhatee fala itt barbaada ture. Mee Oromummaan masakamuun mooraa diinaa yaanee, Odaa, moora keenya, da’oo keenya fi dhaalmaa keenya demokratawaa waloo, madda boona keenyaa, mallattoo walabummaa keenyaa jalatt wal haa geenyu. Mee waliin dhiichinee diina qalbii haa horachiifnu, yoos qofa kan nagaan karaa nagaa godinichaaf bu’u. Sun dandahamnaan walabummaan fagoo hin tahu. It gaafatammii fi keessaanlaalummaan haa dagaaguu. ; ofirrummaa fi ofittumaan haa dhidhiman! Ulfinaa fi surraan gootota kufaniif; walabummaa, walqixxummaa fi bilisummaan kan hafaniif; nagaa fi araarri Ayyaana abboolii fi ayyoliif haa tahu! Ibsaa Guutama April 2015
GARAAGARUMMAA GOOFTAA KIRISTIYAANAA FI WAAQA WAAQEEFFANNAA Dereje Tadessetiin Dubbii kana kan kakaase, amantaalee waldorgomsiisuuf ykn amantaa kamiyyuu ceepha’uuf miti. Haala ka’iinsa fi galii uumamaa, sammuu fi afaan dhala namaa fi, dhugeeffacha fi hundeeffacha saba addaa-addaa hubadhee hubachiisuu fi ofiis nama irraa baradhee nama biro barsiisuu barbaadee ti, malee. Yaada ceepha’uun nama/saba ceepha’uu miti. Maaliif jennaan, yaadni qabeenyaa dhuunfaa nama/saba tokko miti. Ceepha’an, qoratan, saaqan wal’irra baratani! 1. Heera, Seera Fi Aaadaa Waaqeeffannaan, Ayaana ykn waan Waaq calqaba ittiin UUMEE (nama dabalatee waaqaa gadi, lafaa ol jiran hund ittiin) uume hundaaf Saffuun jiraachuu amana; kanaafuu Ayyaana fi Saffuu Haadha-Abbaa ni kabaja. Waaqayyoo Heera kana keenne waan ta’eef nammuu irraatti ajaja hinqabu jedhee amana—fakk, nammi, qilleensa walitti guuree, huurrii godhee, cabbiitti jijjiiree, rooba godhee hinroobsu; namni, callaa facaasa malee, biqilchee, lalilchee, firii itti godhee, madhaanitti jijjiiree achirraan callaatti hinjirjiiru; namni hinfuudha/niheeruma malee dhiiga rimaa ghodhee, mucaa ghodhee, daa’ima taassissee, nama gaha, luba fi gadaa taassisee, yuba, qaalluu, ykn beeroo ghohee hinjaarsu ….kuni HEERA Waaqaa qofa!!! Garuu, nammi Seera fi Aadaa fi Jiruu-jireenya harka fiqalbii isaatiin dalagata. Kan’irratti lufus, milkaa’us, kufus, laafus…dalagaa isaati malee WAAQA ykn Sheexana kan akkas na godhe HINJEDHU; “Sheexana” waan jehamtu’yyuu keessummoota irraa dhagahe male HINBEEKU!
Kirisyiyaanni, qaroomina ittiin Ayyaana, Heera, Aadaa fi Seer, ittiin jedhee maqaa baafatus/himatus, adda baafatus, hubatus HINQABU; yaadiin kunneen afaan kamiini’yuu hinturjubaanamu—babaha (evolutionary process) ykn seenaa keessa isaan hindabarre kaa!!! Falqaassitoota (philosophers) tokko tokkotu dheengadda maqaa itti baaseefi bara 18toota keessaa ca;qabanii nurraa hannaan waraabbataniitoo “Nuyi abbaan” jedhanii fakkeessan. Kanaaf kKristiyaanonni, yoo qufa’anis, yoo kufanis, yoo mirkanaa’anis, yoo abdii kutatanis, yoo dhukkubsatanis, mana yaalaa dhaqanii yoo kiniiniidhaan fayyanis—BADIINIS, MILKIINIS, QAANIINIS, SAPHLIINIS, hundu ka Gooftaan ‘jedhe’, ‘natti fide’, ‘naaf godhe’, ‘abjuun natti hime’, ‘narraa luqqise’…..jedhu! Waaqeessaan garuu HEERA Waaqaa irreeffateeti, seera, aadaa fi jiruu-jireenya tolfata; yoo dadhabe oof ceepha’a; yoo mirkanaawes waliin eebbifata! Heera waliin jarreen kana waliitti hinlallaaqu. Waaqayyo guyyuu nam takkaantakkrr faana deemee fiishakaa hin’afuufu. Maal, Waaqayyo waa namaa? Ee! Waaqi Kiristiyaanaa tokkoon Nam-fakkaataa, yoo dhibe ammo nama!! 2. Seerluga Waaqaa Fi Gooftaa Afaan: Waaqqeeffataadhaaf, Waaqayyo nama hin baanu (Waaqaya NEVER speechificate!!). Waaaqyyo Afaan dhala namaa—ka sagalee/phonology, laqqaamsa/lexis, saccaansa/syntax—kamiyuu hindubbatu, yoomuu!! Dubbiin waaqaa GADAA dhaa jedhu ((Sirna Gada/ System jechuu qofa osoo hintaane), k.j., agadaa-agadaadhaan/gadaatiin (segmented) mara yaarrimoo, ykn yaa’a jaarraa (ykn, akka maqabaasa Warra Dhihaatti, dhangala’a barabakkaa/barwaaqaa ‘constant flux of spacetime’).
Saphlaatti, jijjiiramaa fi mara baraa (gadna/gannaa, gadaa, waggaa/waakkha, lubbuu) fi dibaayyuu (irgee, iddee, bakka, ardaa, qoolloo) fi ayyaanaa (essence, fundaments, spirits) jechuudha. Uummoon ni aada, qeeransi ni burrisa, leenci ni barooda, duris har’as, si’acchis; Simbirri/lagni/abboftiin ni wacca; aduun ni bariiti, ni qaariti, ni dhiiti, ni waariti ni bariiti; Tabbi/yabbi/gaarri ni hadara/ni sulula/ni baaqqata; gabri ni guutaa, ni caama; sagliin, buttaan, jaarraan ni mara; lubbuun ni lufa, ni dhaala. ; malkaan, kaloon ni marga, ni goga, ni marga….. Kunneen afaan/DUBBII Waaqaa keeysaa xiqqishuu dha garuu fakkeenya. Armaan olittis xuqxuqne! Kanaafuu DUBBIIN/Afaanni Waaqayyoo kun akkafeetee, akkatasee, faallafaallaa/falfala, takkatakkee, darbaadhufaa, liphaaliphee miti—IRREESSA ykn CAYAA dha, malee [universal transcendental]! Akkas jadhu, Waaqeeffannaan. Qooda akkas ta’ee, ADDUUNYAAN ARGAA-DHAGEETTII KUNI’YYUU KITAABA, BARRUULEE dha; ni dubbifamaa jedhan. Kiristinnaanni, ammo, ka jadhu, Gooftaan Afaan Aramaa/Aramaic dubbateeraa jedhu; yaggu barbaadan’ammo Afaan Heebiruu tiin barsisaa turee jedhu! Kanaafuu Waanqeelli/Baaybibiliin afaan/sagalee/barreefa Gooftaan baanee/dubbatee/haasa’ee jedhu. Hinumaayyu: sagalee ulfaataadhaan “GURBAA, ATI GARA KIYYA KOTTU!! !” jadhee nama yaamee/waamee’llee ni beeka, jadhan! Sagaleen/afaanni afaan tokkoo (“Aramaic”) akkamiin sagalee/afaan Girikii/Laatini/Ingilizii ta’aree yoo jedhanii wal falqan/qoran sirrii dha.
Waaqeeffattootaaf, kuni ARGAA-DHGEETTII Heera Uumee irraa siphatame/habbuuqatame/dhugeeffatame osoo hintaane, JACHAA-DHAGEETTII dha jedhu! Mirkaneessuuf’yyuu hindanda’amuu jjadhan. Dhugaa dha!! Bakmaqaa (personal pronoun): Waaqeeffannaan Waaqayyoon bakka-maqaa (personal pronoun) godhee hinmoggaasu. Ammas, ammas “Waaqa” ykn mararsiifatee “Waaqayyo” jedha male “Isa”, “Isee/Ishee”, “Ati”, “Isin”, “Isaan”….gonkuma hinjedhu, Waaqayyoon!! Nama (person) miti kaa!! Waaqayyo TOKKO qofa kaa!! Khoornyaan (gender marker) Waaqaatti hin hojjatu! Waaqayyo akka Gooftaa Kiristiyaanaa khoornyaa dhiiraatiin (“He”, “Issuu”) ykn dhalaatiin (“She”, “Issua”) hin;ifsamu. Nama miti kaa!!! Gitii “Case”: Waaqeeffannaan ka jadhu, yagguu Waaqa jeekkarus waaqeeffanus, gitii ykn inni Afaan Ameerikaatiin “case” jedhan hinjiru; maaliif jennaan, Waaqayyo gita/qixa namaa miti, jadhan. Gitiin Waaqaa LEEYMOO OLI (absolutive case), k.j. (kana jachuun) Heeraa diriirse ykn Uumaa fi Daanyaa dha [is transcendental/unmoved-mover]—nammis, maaliyyu kana sadeen godhuu hindanda’u!! Kiristinnaan Gooftaa isaa namaan giteessa/qixeessa. Kanaafuu, “Gooftaan kana anaaf/naan godhe/jedhe/kenne/dhorke…!” jedha. Hinumaayyuu Kiristiyaannonni akkas jedhan: “Gooftaan ana waame!”; “An Gooftaan waammadhe/himmadhe!”, “Abaluu Gooftaatiin ‘kottu/dhiisi/baasi/abaari/guddisi/buqqisi/dhaabi….’ Jedhe!” “Gooftaan acchi/as/garas/garana’tti bahe/taa’e/deeme/ol bahe/gadi taa’e….
!” “Gooftaan namatti akkas jedhee hime/barreesse/dhaame/labse…..!” “Gooftaan namatti/ofii ISAATII rifate/gadde/gammade/dheekkame…..!! !” “Gooftaan Namaan/Abaluun/Sheexanaan ajjeefame/fannifame ykn rukutame/hari’atame/awwaalame/itti koflame!! Kun garuu, Waaqeeffata dhaaf: WAAQEEFFATAADHAAF WAAN GUDIITI! SAFFUU DHA! WAAN BAACOO IJOOLLEEti GOWWOOMSA!! Jaarraa “tense”: Waaqayyoo bakkaa-fi-baraan hindaangeffamu. Kanaafuu, ‘tense’in Waaqa ittiin irreeffatan, jeekkaran, Waaqeessan ka BARAMAROO/BAKKAMAROO (“PERMANENTIVE”) dha, Waaqeeffataadhaaf. “Gooftaan, …Jedh-E!, godh-E!” ka jedhu DABARSAA (“PERFECTIVE/PAST”), k.j., ammas hinjiru/hingodhamu/hinjedhamu ykn sichis hinjedhu, higodhu, jechuudha! Ka Kiristiyaanaa kun SAFFUU dha!! Jadha Waaqeeffataan. Abbooma “Possession”: Akka Waaqeeffataatti, Waaqayyo nama QABA, malee namni Waaqa hin QABAAtu!!! Waaqayyoo meeshaa/obboleessa/obboleetti ofii MITI! Abboomaa dha, malee!! Kanaafuu, inni Kiristiyaanni/BIBILE’n “Gooftaa KOO/KEESSAN/KEENYA” jedhu waan gudiiti!! SAFFUU dha! Kanaafuu “kooti” “kee miti” jehanii wal-fixu!! Fakkeenya Jeekkara/Irreeffannaa Waaqeeffataa (osoo Kiristinnaadhaan boora’ee yyuu) Ya Waaq, Ya Waaq, Ya Waaqayo Waaqaan nan bula, sin an oola Gurraacha leymo, garaa taliilaa Dhisaa malee, diriirtee Utubaa malee ijaajjitee Alluu malee dottattaa Dumessa walitti ka guurtu Urjii ka facaastu… Tokkicha maqaan dhibbaa gurraacha garaa garbaa, yaa Waaqa Waaqa hinqabnee, yaa gooftaa gooftaa hinqabnee, mooticha giddii hinqabnee….. 3.
Fakkeenya Jeekkara/Irreeffannaa Waaqeeffataa (osoo Kiristinnaadhaan boora’ee yyuu) Ya Waaq, Ya Waaq, Ya Waaqayo Waaqaan nan bula, sin an oola Gurraacha leymo, garaa taliilaa Dhisaa malee, diriirtee Utubaa malee ijaajjitee Alluu malee dottattaa Dumessa walitti ka guurtu Urjii ka facaastu… Tokkicha maqaan dhibbaa gurraacha garaa garbaa, yaa Waaqa Waaqa hinqabnee, yaa gooftaa gooftaa hinqabnee, mooticha giddii hinqabnee….. 3. Seergocha Waaqaa fi Gooftaa (“Voice” & “Function”) Waaqeeffataan, Waaqa IRREEFFATA; Kiristinnaan, Gooftaa KADHATA. Ajajaan eenyu? Maal jachuun/akkamiin? ITTI FUFA…………………………………………..
Mootummaan Keeniyaa hidhattoonni ABO Keeniyaa keessa hin jiran jechuu isaa marsariitiin “Standard Digital” ibsee jira.
Ummata Oromootu hooggantoota dhaabbilee siyaasaa akka tokkooman kadhachuu qabamoo, hooggantoota dhaabbilee siyaasaa Oromootu tokkummaaf ummata Oromoo kadhachuu qaba? Tokkummaan Oromoo hunda dursu akka qabuu fi daandiin qabsoo bilisummaa Oromoo galmaan gahuu danda’u tokkummaa Oromoo jabeessuu duwwaa akka ta’e beektotti Oromoo waggaa dheeraaf akeekkachiisaa asi gahanii jiru. Guyyaan dhimmi tokkummaa irraa hin dubbatamni hin jiru. Sababni isaa oromiyaan kan bittaa alagaa jalatti kufteef tokkummaa dhabiinsaa fi toftaa qoqodanii bituu diinaa irraa waanta maddeef. Oromoon gaanfa Afrikaa keessatti roga hundaan ummata wayyaba. Oromoon humna namaan, dingadee fi taa’umsa lafaan Itiyoophiyaa keessatti duwwaa otoo hin taane, naannoo isaatti ummata murteessaa tahee dha. haa tahuu garuu wayyabummaa naannoo keenya keessatti qabnu, gara humnaatti jijjiruu hin dandeenye. Diinni keenya nubitaa jirus ta’ee abbaa biyyummaa oromiyaa arguuf fedha hin qabne, humna Oromoon qabnu kana akka ofirratti beeknu tasa hin barbaadu. Kanaaf jecha imaamata tokkummaa Oromoo laaffisan, toftaa gara garaa dhimma itti bahee jira. toftaan diinaa kun yeroo dheeraa keessa amaleeffatamee amma mooraa qabsoo Oromoo keessa seenutti gahee jira. Keessummaa toftaan qoqodanii bituu diinaa kun dhaabbilee siyaasa Oromoo keessa seenuudhaan tokkummaan qabsa’otaa waantota laaffisan amma dhimma itti bamuutti gahee jira. haalli yeroo ammaa argaa jirrus isuma kanaa dha. ilaa fi ilaameedhaan dubbatanii rakkoo jiru fixachuu irra, gara wal balaaleffannatti deemame. Egeree qabsoo sabaa fi galii dhaabni siyaasaa dhaabbateef cinaatti jallisuudhaan, dhimma naannummaa, gusummaa fi amantaa ajandaa duraa taasifachuun tokkummaan qabsa’otaa akka laafu ta’ee jira. asirratti hubatamuu kan qabu qabsoo sabaa keessatti dhimma naannummaa, gusummaa fi amantaaf fayidaa argamsiisuuf otoo hin taane, golgaa kana jalatti shiraa fi dantaa dhuufaa argachuuf agoobara tolfatamee dha.
Oromoo akka sabaatti ilaalanii kaayyoo dhaabaaf dursa kennuu irra, maqaa naannoo fi amantaa jalatti ruuqamuudhaan dadhabbina qabsoo hoogganuuf qaban milqisuu yaalu. Aangoo hinjirretti aadaa fi safuu Oromoo cabsanii wal dura dhaabbatu. Kanaaf kun rakkina hooggantootiin qabsoo qabanii dha. Ummati Oromoo abdii otoo hin kutanne dhaabbileen siyaasa Oromoo akka mooraa qabsoo Oromoo tokkoomsan guyyaa guyyaan kadhachaa jira. silaa tahuu kan malu hooggantoota dhaabbilee siyaasa Oromootu mooraan qabsoo Oromoo akka tokkoomu ummata Oromoo kadhachuu fi gara tokkotti luuccessuu qaba ture. hoogganni dhaabbilee siyaasa Oromoo egeree qabsoo Oromoo galmaan gahuu fi milkii argamsiisuuf haarsaa tokkummaan gaafatu kaffaluudhaan tokkummaan qabsa’otaa akka dhugoomu taasisuu qabu ture. Tokkummaa qabsa’otaa dhugoomsinu malee diinni nuti injifannu hin jiru. Keessumaa dhalooti qubee tokkummaan Oromoo dhugoomu malee, qabsoon haarsaa guddaan itti kaffalamee as gahee jiru, akka galmaa hin geenye akka gaariitti hubatee jira. dhalooti harawaan dachee oromiyaa keessatti diina wajjin guyya guyyaan kokkee wal qabanii haarsaa lubbuu itti kaffalaa jiran, dhimma tokkummaa Oromoo akka gaarii hubatanii jiru. Hubannaan dargaggoo Oromoo kun ammoo, hoogganoota siyaasaa tokkummaa qabsa’otaaf abboomamuuf fedhan hin qabnee fi tokkummaa dhugaa Oromoon barbaadu dhugoomsuu irraa maqanii, naannoo fi amantaa dahoo taasifataniif bakka akka hin qabne hubachiisa. Sadarkaa kana qaqabuun mataa isaatiin qabsoo Oromootiif injifannoo dha. Haa guddatuu haaxiqaatuu tokkummaa qabsa’otaa dhugoomsuuf tattaaffiin yeroo ammaa mooraa Oromoo keessatti jalqabame kun jabaachuu qaba. Tokkummaa oromoof danqaa guddaa kan ta’ee fi akka aadaattis kan fudhatamaa ture dhimma aangoo ti. Tokkummaan yeroo ammaa jalqabame kun aangoof jecha danqaan mooraa oromoo keessa yeroo dheeraaf ture waanta banamaa jiru fakkaata. Aangoon hojii fi bu’aa qabsoo argamsiisuu irraa madduu qaba.
Aangoon hojii fi bu’aa qabsoo argamsiisuu irraa madduu qaba. Qabsoo bilisummaa keessatti hooggannti iitti gaafatama fudhatee hojii qindeessa malee, aanggoon kan dhufu gaafa galiin qabsoo galma geese aangoo caasaan deeggarame ummati namaaf dhugoomsuu danda’a. haarsaa tokkummaa qabsa’otaa dhugaamsuuf gaafatus dhaabbileen siyaasa Oromoo fi hooggantootiin isaa kaffaluuf qophii tahuu qabu. ilmaan Oromoo lubbuu isaanii qabsoo sabaaf yeroo kennanitti, hooggantootiin qabsoo Oromoo haarsaa lubbuu gadii kaffalanii tokkummaa qabsa’otaaf abboomamuu qabu. Oromoon hooggantoota dhaabbilee siyaasa Oromoo akka tokkummaa qabsoo ummatan kadhachuun raawwatee, aadaan hoogantoota siyaasa Oromoo tokkummaaf abboomamuu dagaaguu qaba. kutaa lammaaffaa keessatti guddina siyaasaa oromoo fi hoogganoota qabsoo oromoo wajjin dhimmoota wal qabatan qabadhee deebi’a. Kutaan lammaffaa itti fufa. Camadaa Hundee camadaa@gmail.com
Kabajammo Ilmaan Oromoo Awuroopaa kessatti argamtan maraaf WAAMICHA WALGAHII MISEENSOTA „WALDAA HAWAASA OROMOO AWUROOPAA (WHOA)/ OROMO COMMUNITY ASSOCIATION IN EUROPE (OCAE) Waxabajjii (June) 15, 2015 Kabajammo Ilmaan Oromoo Awuroopaa kessatti argamtan maraaf, hunda duraan dursee nagaan waaqayyoo/rabbi isin haagahu. Jiruu fi jireenya gaarii isin hawwiina. Horaa bulaa. Waldaan Oromoota hedduminan Awuroopaa keessa jiraatan of keessati hammachuu danda’u jabaa tokkoo jiraaruun barbaachisaa waan tureef “Waldaan Hawaasa Oromoo Awuroopaa (WHOA)/ Oromo Community Association in Europe (OCAE)” bara 2014 seeran uumamee, kaayyoo karoorfatee, amma humni isaa danda’ee fiixan baasuuf eegalee jira. Waldaan kun akka Waldaa agoobara Awuroopaati (as umbrella organization in Europe) uumamee/ijaaramee. Kaayyoon waldaa kana inni duraa baqatoota (kooluugaltoota) Oromoo waldaa agoobara (umbrella organization) kana jalatti galmeessee akka walgargaarani saba Oromoo gargaaran gochuudha. Baqatoon Oromoo yeroo ammaa Awuroopaa keessa jiraatan dargaggootaa fi shamarran labata Qubee/bara garee Qubee (Qubee Generation) jedhamani beekkaman dha. Koreen Hojii Raawwachiiftuu seera (dambii) ittin bulmaataa Waldaan Hawaasa Oromoo Awuroopaa (WHOA)/ Oromo Community Association in Europe (OCAE)” ilaalchisee guyyaa gaafa Adoolessa (July) 12, 2015 ibsa bal’aa kennuuf qophaa’ee jira. Walhubannoo fi waliigaltee miseensota “Waldaan Hawaasa Oromoo Awuroopaa (WHOA)/ Oromo Community Association in Europe (OCAE)” ilaalchisee miseensonni Koree Hojii Raawwachiiftuu (KHR) ibsa bal’aa ummataaf waan kennaniif walgahii ummataa kana irraatti akka hirmaattaan kabajaan isin afeerra.
Walhubannoo fi waliigaltee miseensota “Waldaan Hawaasa Oromoo Awuroopaa (WHOA)/ Oromo Community Association in Europe (OCAE)” ilaalchisee miseensonni Koree Hojii Raawwachiiftuu (KHR) ibsa bal’aa ummataaf waan kennaniif walgahii ummataa kana irraatti akka hirmaattaan kabajaan isin afeerra. Walgahii seenaa qabeessa kana irratti hedduminan argamtanii ibsa KHR fi gaaffii fi deebii gaggeeffamaa (administration) irrattii qooda keessan akka gumaachitan abdi guutuu qabna. Koreen Hojii Raawwachiiftuu walgahii kanaaf kutaa magaalaa Frankfurt am Main “Bockenheim“ (im Stadtteil Bockenheim) jedhamu keessatti bakka walgahii qopheessa jira. Walgahiin miseensootaa yeroo duraatif magaalaa „Frankfurt am Main“/Bockenheim jedhamu keessatti guyyaa gaafa Adoolessa (July) 12, 2015 qophaa’ee jira: Guyyaa walgahii/ Date of meeting: Adoolessa (July) 12, 2015 Sa’aatii walgahii/ Time of meeting: 12:30 WB (PM) ‐ 18:00 WB (PM) 2 Bakka walgahii/ Place of meeting: Studierendenhaus an der Goethe-Universität Frankfurt am Main (zu Fuß erreichbar entlang Gräfstraße) Mertonstraße 26 – 28 60325 Frankfurt am Main Geejiba/ Transport: Vom Hauptbahnhof mit der U-Bahnlinie U 4 oder der Straßenbahnlinie 16 bis Haltestelle „Bockenheimer Warte“ From the central train station take the underground U4 or the number 16 tram to the “Bockenheimer Warte” Namoota Koree Hojii Raawwachiiftuu irra odeeffannoo (information) dabalataa feetanif lakkoofsa bilbila (telefoona) kanatti bilbilsaa: lakko.bil. : +49(0)17853498098 und +49(0)15210106906 +49(0)17651895619 +49(0)1783042153 +49(0)15210531811 Galatoomaa, Koree Hojii Raawwachiiftuu (KHR)
Bilbila mobila yommu charge goonu fayyadamuun rakkoo maali fida? Gorsa Tibbanaa, mobilli osoo nu hin beekin gara boonbiitti jijjiramuun balaa qaqqabsiisti. Marsaale hawaasumma fi sabqunnamti gubbati yeroo heddu akeekachiisa cimaa balaa mobila fayyadamu yeroo charge godhaniin namarra gahu argitaniirtu ta’a,balaawwan kannin keesaa lubbuun darbu,qaama namaa hira’achu,madaahu fi qabeenyi barbaada’udha.dhimma jedhame kanaan wal qabatee ibsa bal’a akka itti aanutti isiniif dhihaata. Bilbilli mobila meeshaale electroniksi yeroodha yerotti foyya’a fi hammaya’a jiran keessa isa ijoo tokko. Meeshaale mobilli of keessa qabu keessaa battiriin(battery) ijoo fi murteessadha mobiloonni baayeen isaani iphone fi Samsung dabalate batteri(battery) lithium ion jedhamu fayyadamu. Gama biraatin mobili tokko yeroo ommishamu batteriin isaan malu yookin mobila saniif jedhamee batterinis ni oommishama kanaafu batterii yommu bitannu originaala fi batterii mobilli jalqaba yeroo kubbaniyadha baatutiin wal fakaachu qaba. Gama biraatiin Chargerinis originaala ta’u fi kan kubbaniyaan mobila ommishe ajaju(recommend) tahu qaba sababni isaa yeroo heddu charjeeri(charger) gatiin isaa xiqqa tahe binna kun ammo rakko qaba chargerooni gatiin xiqqa kessattu kan biyya china tti ummishaman rakko qabu. Rakkoowwan charger kannini shiboon isaani uwwifama ittiso(insulation) gahaa hin qabu Kun ammo akka humna ibsaatiin balaan nurra gahu godha(electric shok) akkasuma qamni electroniksi charjerrawwan kannini akka mobila silaa charge godhu saniin wal hin simatu kana jechuun anniisaa kuufamaa(Voltage) humnaa ol kan mobilaf kennu qabu(5V) caalu mobillati dabarsu ni mala. Ibsi teeknika akka arman olii yommu tahu walumaa galatti dhohiinsa batteri mobila yeroo charge goone itti fayyadamaa jirru dhooha ilaalchi jedhu dogongora.
Ibsi teeknika akka arman olii yommu tahu walumaa galatti dhohiinsa batteri mobila yeroo charge goone itti fayyadamaa jirru dhooha ilaalchi jedhu dogongora. Dhohinsi kun kan uummaamuun sababa charger fi batteri kubbaniyaan nu ajaju(recommend) fi batterii originaala fayyadamu dhabuudhaani. Kanaafu qabxiile armaan gadi sirriti hubadhaa 1.battery originaala qofa fayyadamaa 2.charger originaala qofa fayyadamaa 3.battery fi charger shiboon ciccite walitti suphame akka hin fayyadamne 4.mobila charge yommuu gootan uffataan hin marinaa,bakka ciisicha irraa yoo xiqqaate metira tokko fageessaa 5.harki keesan jiidhinsa bishaani yoo qabaate mobila akka hin tuqne sababni bishaan ibsaa(electrik) ni dabarsa waan taheef 6.mobila charge irra keettani itti hin fayyadaminaa Rakkoo kanaaf yeroo baayee kan saaxilamu warroota mobila battery awwalame(embedded) kan akka iphone fayyadamuudha. Kanaafu Gorsa kana warrooni bilbila battery awwaalame(embedded) tahe kan akka iphone fayyadamtan hojii irra oolchu qabdan
MOOTI DUBARTII OROMOO AKKO MANOOYYE NI BEEKTUU ? Haawwan Oromoo ijoollee guddisuu,haadha warraa tahanii jiraachuu qofaa mitii haadha biyyaallee tahanii mataa duulaatii haga mata tikaa yaahuunillee hinuma beekaman. Seenaan Oromoo duruu afaaniin waan dubbataniif hujiin nama jajjabaa fi qaroo akkanaa guddoollee hin mullatuu fa.Warra dubbii fi hujiin isaa hardhallee qalbii Oromoo keessaa hin badin keessaa tokko,Akkoo Manooyyeeti.Akkoo Manooyyee nama bara kuma hedduutii asitti akkanuma waan isiin jettee fi hojjatte jedhan haasahan. Akkoo Manooyyee bara isiitti nama laafaa hin jaalattu jedhan,bara tokkoo fa waaqaa fi lafa jidduutti mana naa jaaraa,taffii subba(qalqalloo) miyyuu naa qabaa,waan fardaa gadii harree olii naa fidaa fa jettee jedhan. Waaqaa fi lafa jidduutti mana jaaruuf abbaatti utubaa dhaabataa ati utubaa nuu dhaabii jedhaniin,taffii subbaa tokko fiduuf ammoo udaan harree walti guuranii turraan taffii tahan,waan harree olii,ka fardaa gadii ammoo Harree-Diidaa qabanii itti geessan. Akka jecha Obbo Jaatanii Abbikuusee,I/G/B/Aadaa fi Tuurizimii Godina Booranaatti Akkoo Haatii Mannooyyee,dubbiin jaartii tanaa nama qaroomsiti,waan isiin hajajjje sun guutuuf namii itti yaadee waan itti baha.Dubartootii Oromoo ta hujii akkanaatiin faarsan hedduutti jirallee jedha. “Dubartiin akka Akkoo Haamanooyyee ta seenaa jajjabaan beekan,ka mataa duulaa turan Adii Duuloo Willee,Buruurii Canaa Aaraa,Booree Nyuukkee,warrii kun warra akka jabaa,raagaa,qaroo fi waan heduun faana yaahan ka barrssinee…kaahuutti jirru.” Dr.Gammachuu Magarsaa,nama seenaa fi Seera Gadaa Oromoo barreessuun beekamu. “Haatii Manooyyee taatee,Haadha Weecee taatee,Hayyuu Suufaa Gorfeee taatee…seenana Oromoon afaaniin walti dabarsuu …akka innii dubartii isaa jabeeffatee … akka Oromoon raaga,qaroo qabu argina.” Dr.Gammachuu fi haatii warra isaa,Dr.Anniisaan durii durii tahee,seenaa dubartoota Oromoo walti qabanii harkaa qaban.
“Haatii Manooyyee taatee,Haadha Weecee taatee,Hayyuu Suufaa Gorfeee taatee…seenana Oromoon afaaniin walti dabarsuu …akka innii dubartii isaa jabeeffatee … akka Oromoon raaga,qaroo qabu argina.” Dr.Gammachuu fi haatii warra isaa,Dr.Anniisaan durii durii tahee,seenaa dubartoota Oromoo walti qabanii harkaa qaban. Woma taateefuu lafii Akkoo Haamanooyyee itti gatan jedhan,Qileen Akkoo Manooyyee,gara Nageellee,gara Diida Liiban jirti. Bara waan ufii afaanuma ufiitiin barreeffatan kanatti ammoo seenaa jara jajjabaa akkanaa akkuma durii kaan afaanumaan dubbatamee lafatti baduu hin malle. 《MADDI VOA AFAAN OROMO》
Sheek Haamid Booke Du’aan Addunyaa kana Irraa Godaanani (RDH) Ina lilaah Wo inna Ileeh Raaji’uun ! ODUU AMMA NUGAHE Raadiyoo Daandii Haqaatin Wiixata Woxabajjii 22 / 2007 Godina Harargee lixaa Aanaa Bookee xiqqoo Aradda 06 ganda waldayaa Keysatti Barnoota suufiyya Ahbaash Barsiisaa Kan turan Sheek Haamid Bookee Maqaan Isaanii kan dhalootaa Sh/ Haamid Aliwadaay Du’aan Adunyaa kana Irraa Godaanani . Sheek Haamid Bookee Ummata Muslima Warra towhida Aanaa Bookee Xiqqoo keysatti Argaman humnoota seeran Alaa walin waaliigaluun Rakkina Hammana hin jedhamne Irratti raawachiisaa Akka turaniif akkasummas Fatwwa kaaseta Raayya fi Kan Abdooshe Aliiyi dhagahuun hin baqahu haraama jechu isaani isiniif gabaasun keenya ni yaadatama . Akkasummas Qaamota mootumma wojjin tahuudhan Masjiidin Waabiya nuf kenamu qaba waabiyootin masjiida Rabbii baleeysa jiru jechuun sochii akka godhaa turan Hawaasa naanicha irra beekun dandahameera . Sheek Haamid Bookee Nama barnoota Ahbaashi Barsiisuun Namoota Heddu Qubsiise yoo ta’u Harargee lixaa Aanaa Bookee keysatti bakka Hadraa Mowlida Itti geggeysan 5 oli Nama hundeyse fi magaalawwan Godina Harargee lixaa Keysatti Argama hedduu keysatti Darasaa Ahbaashi Qubsiisun Magaala Baddeysaa , Magaala Galamsoo , Magaala Machaaraa Dabalatee hedduu Keysa Facaasaa Akka ture Namoonni Isaan Beekan Nuuf Eeraniru. Shek Haamid Bookee Guyyaa Sanbata dheengadda kan Du’aan yommu tahu Dilbata Kaleessaa Awwalchi Isaani Aanuma Bookee Xiqqoo Aradda 06 Ganda Waldayaa keysatti Akka Raawatame Beekuun danda.amera. Ammaf Namni sheek Haamid Bakka buufamu Beekamuu Baatus Namni Shek Zeynuu Jedhamu Bakka buufamuuf Shakkamaa Akka jirus beekameera.
Ammaf Namni sheek Haamid Bakka buufamu Beekamuu Baatus Namni Shek Zeynuu Jedhamu Bakka buufamuuf Shakkamaa Akka jirus beekameera. Fuulduraaf Shirkiin Anicha Keysatti humna Akka Dhabduu fi Aanichi gochoota shirkii babaldhiisan irraa Akka Qulqullaahu Namoonni Dubbachaa Akka jiran hubatame jira. Fedhii Duniyaa guutachuf jecha Hardha Qaamota Mootumma wojjin taane hawaasa keenya Roorifinus Booru ful dura Rabbi dhaabachuun keenya hin olu ! Duuti Nama Qalbii qabuuf Barnoota gudaadha ! Ina lilaah Wo inna Ileeh Raaji’uun !
Ahbaashaa fi Amantii isaanii Fokkottuu!!! Megersa Abubeker Ahmed Kutaa 1ffaa Jama’aan “Ahbaash” jechuudhan of yaamu kan amma biyya teenya keessa figuu jalqabe kun eega nubira gahee bara 15 tahee jira. Garuu baroota dheeara kana keessa nama kuma shan wallitti qabachuu hin dandeenye. Kunis Aqiidaan inni barsiisu Aqiida Islaama dhugaa (Ahul-Sunnaa wal-Jama’aa) waan hintahiniif. Kana sirriti isin agarsiisuf kitaaba Ahbash kan“Mukhtasar Sheekh Abdullah Al-Hararii” fi , Sarihul Bayaan jechuudhan beekkaman keessati waan barreeffamee, fi kaasseta audio (CD) irrati waan waraabame keessaa qabxiilee tokko tokkon isiniif barreessa. (Wantootan ani barreesse kun kijibaa fi dhugaa ta’uu isaa adda baafachuuf Kitaabota Ahbash, takka marsaa intarneetii isaani ilaalaa). 1. Warrii Ahbaash “Maaqaa Rabbiitiin kakachuun nama Kafarsiisa” jedhan. Moslimoonni dhugaa amoo “Raabbii malee waan biraatin kakachuun shirkiidha” jedhanii nama barsiisan. 2. Jama’aan Ahbaash “Allaahuma Ajirnaa Minal Naar” (Yaa Rabbi ibidda Jahannam jalaa nubaasi) jedhanii Islaama hundaaf du’aa’ii guchuun nama Kafarsiisa. Rabbi akka Muslima hundaaf araaramu gaafachunis nama Kafarsiisa. Du’aa’i akkanaa jama’aan gochuun dhorkaadha. Namuu kadhaa akkanaa mataa isaa qofaaf kadhachuu qaba” jedhan Nuti Muslimoonni garuu “Du’aa’in jama’aan godhamtu Rabbi birrati du’aa’i biroo caalaa fudhatama qabdi “ jeennee amanna . Keessafuu Guyyaa Jum’aa Immamni masgiidaa hogga khuxbaa gudhu Muslimoota hundaaf araarama kadhachuu qaba. 3. “Siraax” guyyaa qiyaamaa (Aakhiraa) qormaata cimaa nama eeggatan keessaa isa tokko. “Siraax” jechuun karaa akka riqichatti (dildilaa) ibidda jahannam gubbati diriirfamuuf jiru.
Nabiin keenya (s.a.w) akka nubarsiisanitti karaan kun qal’inni isaa rifeensa mataa darani. Qaroomina isaatiinis ablee(billawa) darani. Waarri Raabbin fedheef qormaata “Siraax” jalaa laftumatti baha. Warri Rabbiti Kafare ammoo “Siraax” gubbaa dabruu dadhabee ibidda Jahannam keessati kufa. (Rabbi Siraax jalaa nuhaabaasu). Jarreen Ahbaash ammoo “Siraax karaa bal’aa namni irra deemuu dandayu. Hadiisa kessati “akka rifeensatti qallaa, akka ableetti qara” wanni jedhameef cinqii isaa irraa akka of eegganno goonuuf jecha” jedhanii barsiisan. Ahbaash Hadiisni Nabii keenyaa (s.a.w) soba jechuu isaaniti fakkata. 4. Jama’aan Ahbaash “Sahaabaa Nabii (s.a.w) keessaa warra Alii ibn Abu Xaalib (r.a) wajjin wal-lolle abaaru fi arrabsuun ni hayyamama” jedhan. Haaluma kanaan sahaaboota gurguddaa akka haadha teenya Ai’shaa bint Abu Bakr, Mu’aawiyaa ibn Abu Sufiyaan, Zubeyr ibnul Awwaam, Amr Ibn Al-Aas (hunda isaanii Rabbin irraa haajalatu) arrabsuun nidandayama jechuudha. Nuti garuu “Namni Sahaabaa Nabii maqaa hamaan kaase jahannam seena” jennee amanna. 5. Jama’aan Ahbaash “Maallaqa socho’u (paper money) irraa Zakaan hinbahu. Zakaan meetaa (qarshii) fi warqii (dahaba) takkaa beeladaa manaa (horii, re’ee kkf), oomisha midhaanifaa malee maallaqa haala qarshii, doolara ykn pawndii fakkaatun biyya kessa socho’u, maallaqa baankii kessa ta’u (saving account), maallaqa check fi bondiin qabame kkf irratti Zakaan waajibaa miti” jedhan. Nuti garuu “Waan maallaqa tahe hundinuu, yoo gatii ka’umsa Zakaan irraa bahu guute fi yoo harka abbaa qabeenyaa bira amata tokko ture, Zakaan irraa bahuu qaba” jechuudhaan amanna.
Nuti garuu “Waan maallaqa tahe hundinuu, yoo gatii ka’umsa Zakaan irraa bahu guute fi yoo harka abbaa qabeenyaa bira amata tokko ture, Zakaan irraa bahuu qaba” jechuudhaan amanna. 6. Jam’aan Ahbaash “Dhala bankii (interest) warra Kiristaanaa irraa nyaachuun nigahaa. Dhalli maallaqaa kan haraam tahe nama Islaamaa jiddutti malee Kafiraa fi Islaama jiddutii miti” jedhan. Muslimootni dhugaa garuu “Dhala waan tahe hunda Rabbiin Haraam godhee jira” jedhanii barsiisan. 7. Ahbaash “Namni Hajjii dhaqe imaamota Makkaa fi Madiinaa wajjiin yoo Salaata hidhate Kaafira taha. Sababni isaa imaamotni kun Wahaabi waan tahaniif jecha” jedhan. Nuti garuu “Salaatni masgiidota Makkaa fi Madiinatti Salaatame kan bakka biraa hunda nicaala” jenna. 8. Ahbaashoonni “Intalti dubartii kofoo uffatte yoo deemte haraam hinqabu. Namni haalli kun haraam jedhe kafira taha. Haa ta’u malee intalti dubraa hijaaba uffachutu irra isiif caala” jedhan. warri dhugaa garuu “intalti dubraa akka dhiiratti yoo uffate malaayikaa fi naminlleen ni abaara” jedhani nama barsiisan. ______________________ HIRIYYAA DABARSUU HIN DAGATIN JZK kutaa 2ffaa wal arguu rabbi nuu haa laaffisuu
Ob Tamaam Abbaa Bulguu abukaatoo beekamaa kan haqaa fi dhugaaf falman, horiif kan hin bololle akka taán namooti isaan beekan ragaa bahu.
Namootni Minnesotaa ala jiraattan akkaataan itti argattan fuulduratti ibsama
Hawaasni Oromoo Biyya Sa’ud Arabiyaatti Argamu Irree fi Gaachana Ummata Oromoo WBO Jabeessuuf Gumaacha Maallaqaa Taasisu Cimsee Itti Fufuun Riyaala Sa’udii 117,371.00 Arjoome Biyya Sa’ud Arabiyaatti kan argaman ilmaan Oromoo kan yeroo kamii caalaatti tokkummaa fi jabina isaanii ijaarratuun akkasumas tumsaa fi deggersa QBO ABOn durfamu keessatti bakka mul’ataa qabaachaa turan iddootti deebifatuun qabsicha jabeessuu fi hunda irra ammoo bilisummaa ummata Oromoo deebisuu fi walabummaa Oromiyaa mirkaneessuuf diina kuffisee kufaa, adeemsa qabsoo bilisummaa Oromoo of fuula dura tarkaanfachiisaa kan jiru WBO jabeessuuf gumaacha maallaqaa taasisan haala jajjabeessaa fi kaaniif illee fakkii guddaa ta’uun itti fufanii jiran. Haaluma kanaan hawaasni Oromoo Sa’ud Arabiyaa jiraatu Ayyaana Iid Al-Afaxirii kan baranaa 2015 sababeeffachuun magaalota adda addaatti walitti dhufan WBO daran jabeessuuf Riyaala Sa’udii 117,371.00 (Kuma Dhibba Tokkoo fi Kuma Kudha-Torbaa fi Dhibba Sadii fi Torbaatamii-Tokko) gumaachuun dhugumatti WBO cina jiraachuu isaanii hojiin mirkaneessanii jiran. Haaluma kanaan Adoolessa 19,2015 hawaasni Oromoo Sa’ud Arabiyaa magaalaa Riyaadii fi naannoo ishee sirna kabajaa Ayyaana Iid Al-Faxirii sababeeffachuun achumaanis dhimma QBO ABO durfamuu irratti mari’achuuf walgahii guddaa fi ho’aa geggeeffatuu isaanii oduun bakkicha irraa SBO dhaqqabe ifa godhee jira. Bakki itti Ayyaanni Iid Al-Faxirii fi mariin dhimma QBO irratti fuulleffate kun geggeeffame Riyaad bakka Israahaa Noofa Makharajaa 18ffaa jedhamutti oggaa ta’u, yeroo duraatiif shamarran Oromoo kan magaalaa Riyaadii fi naannoo ishee QBO keessatti qooda gama isaanii ba’achuuf walgahii kana irratti hirmaachuu isaanii akka ta’e ibsameera.
Waltajjii kabaja Ayyaana Iid Al-Faxirii fi marii dhimma QBO jabeessuu irratti fuulleffate kana irratti shamarran Oromoo kunniin nyaata aadaa Oromoo godinaalee Oromiyaa cufaa kan dhiheessan si’a ta’u, maanguddootni Oromoo waltajjii kana irratti argaman eebbisanii jiran. Kana malees shamarran Oromoo sirna kana irratti argaman nyaata aadaa dhiheessuun gamatti, diraamaalee gara garaa gocha hammeenyaa fi diinummaa wayyaaneen ummata Oromoo fi Oromiyaa irratti dalagaa jirtu mul’isan agarsiisuun hirmaattota akka boochisanii fi jajjabeessan oduun SBO dhaqqabe ni hubachiisa. Walgahii kana kan adda taasisu gareen dargaggoota Oromoo lama bakka adda addaa jiraatan garee WALIIN WALIIF fi garee ADDA BILISUMMAA OROMOO jedhamuun mala walquunnamtii baranee WHATS APP jedhamu irratti walijaaran karaa walquunnamtii qilleensa irraan qooda fudhatuu fi karuma kana WBO jabeessuudhaaf maallaqa walitti qaban galii taasisuu isaanii akka ta’e barameera. Haaluma kanaan gareen WALIIN WALIIF WBO jabeessuuf maallaqa walitti qabe Riyaala Sa’udii 10,150.00 (Kuma Kudhanii fi Dhibba Tokkoo fi Shantama) yeroo gumaachu, gareen ADDA BILISUMMAA OROMOO ammoo WBO jabeessuuf Riyaala Sa’dii 4,200.00 (Kuma Afurii fi Dhibba Lama) arjoomee jira. Waytuma kanattis gareeleen lamaan konyaa ABO Riyaad waliin ta’uudhaan QBO keessatti qooda isaanii bahuu akkaataa itti fufuu danda’an irratti mariin taasifamuun ibsamee jira. Haaluma walfakkaatuun Adoolessa 19,2015ttis Konyaan ABO magaalaa Makkaa fi Jaarmayni Tokkummaa Oromoota Makkaa Ayyaana Iid Al-Faxirii sababeeffatanii walgahii godhataniin, dhimma QBO ABOn durfamuu fi akkaataa itti caalaatti tokkummaa hawaasa isaanii jabeeffachuu danda’an irratti marii godhatuu isaanii oduun walqabatee nu gahe ifa godhee jira.
Dura ta’aan Konyaa Makkaa haala QBOn ABOn durfamu irra jiru irratti hirmaattota waltajjichaaf ibsa bal’aa kan kennan oggaa ta’u, hirmaattotnis gaaffilee adda addaa kaasuun deebii quubsaa akka argatan beekuun danda’ameera. Dura ta’aan Konyaa Makkaa hawaasni akka qabsicha jabeessanii fi dhaabbatummaan WBO cina dhaabbatanii gargaaran hubachiisaniiru. Maanguddoon Oromoo Abbaa Leencaa jedhaman sirna kana irratti argamuun dhaamsa dabarsaniin, bilisummaa fi birmadummaan kan dhufuu danda’u yoo nuti qabsoo keenya qabeenya, humna, lubbuu fi waa maraan bira dhaabbannee gargaarre qofa waan ta’eef, tumsii fi deggersi goonu itti fufuu qaba jechuun hawaasa walgahii kana irratti argameef dhaamsa jabaa dabarsanii jiran. Walgahiima kanaan Konyaan ABO Makkaa fi Tokkummaan Oromoota Makkaa QBO ABOn durfamuu fi WBO jabeessuuf Riyaala Sa’udii 12,280.00 (Kuma Kudha Lamaa fi Dhibba Lamaa fi Saddeettama) arjoomaniiru. Dhuma irratti hirmaattotni walgahii Makkaa ibsa ejjennoo qabxiilee adda addaa qabu baafachuun akkasumas maanguddootni eebbisuun sirnichi milkii fi injifannoon xumuramuu oduun SBO dhaqqabe kun addeessee jira. Hawaasni Oromoo Sa’ud Arabiyaa tumsaa fi deggersa WBOf godhan itti fufuun Adoolessa 18,2015s Konyaan ABO magaalaa Koof fi Jaarmayaan Tokkummaa Oromoo Koof ayyaana guyyaa Iid Al-Faxirii sababa godhachuudhaan walitti dhufanii walgahii godhachuudhaan dhimmoota QBO ABOn hoogganamuu irratti marii bal’aa geggeessuu isaanii oduun walqabatee nu dhaqqabe ifa godhee jira. Dura ta’aan Konyaa ABO Koof dhimma QBO ABOn durfamuu yeroo ammaa irra jiru irratti hirmaattotaaf ibsa bal’aa laataniiru. Walgahii kana irratti Itti Aanaan Konyaa Tabuukii fi Gaafatamaan Damee Dinagdee Konyaa Tabuuk akka keessummaatti walgahii kana irratti kan argaman yeroo ta’u, hawaasa magaalaa Koof walgahii kana irraa qooda fudhataniif haasaa godhaniin, hawaasni magaalaa Koof akka tokkummaa isaanii daran jabeeffatanii fi WBO jabeessuuf ogguu maraa huu akka qophii ta’an dhaamsa isaanii dabarsaniifii jiran.
Waltajjii kana irratti walalooleen adda addaa nama jajjabeessanii fi ergaa dabarsan dhihaatuunis gabaafameera. Dhuma irratti Konyaan ABO Koofii fi Tokkummaan Oromoo Koof walgahii kana irratti hoggana QBO ABO fi WBO jabeessuuf Riyaala Sa’ud Arabiyaa 64,221.00 (Kuma Jahatamii Afurii fi Dhibba Lamaa fi Digdamii Tokko) arjoomuu isaanii oduu nu dhaqqabe irraa hubachuun danda’ameera. Hanga bilisummaan Oromoo fi walabummaan Oromiyaa mirkanaa’utti deggersa godhan ciminaan kan itti fufan ta’uus waadaa seenaniiru. Maayii irrattis walgahiin isaanii eebba maanguddootaan milkiidhaan akka gudunfame beekuun danda’ameera. Waraanni Bilisummaa Oromoo Baankii biraa hin qabu; Baankiin WBO nu Oromoota kan jedhan sabboontotni ilmaan Oromoo biyya Sa’ud Arabiyaatti argaman tumsa ykn deggersa WBO jabeessuuf taasisan haala nama boonsuun itti fufuun Adoolessa 22,2015ttis Jiddaa keessatti kanuma mirkaneessan. Haaluma kanaan Adoolessa 22,2015 Konyaan ABO fi Jaarmayni Gamtaa Oromoota Jiddaa Ayyaana Iid Al-Faxirii sababeeffachuudhaan Jiddaa bakka Kiiloo 10 jedhamutti walgahii dhimma QBO irratti fuulleffate godhatanii jiran. Dura ta’aan Konyaa Jiddaa walgahii kana irratti hawaasa Oromoo magaalaa Jiddaa sirna kana irratti argameef dhimma QBO ABOn durfamu, haala Oromiyaa keessa jiru, badii mootummaan wayyaanee ummata Oromoo irraan gahaa jirtuu fi dhimmota adda addaa irratti ibsa bal’aa kan kennan oggaa ta’u, hawaasni Oromoo akka qabsoo isaanii duukaa dhaabbatan, waan danda’aniin WBOtti akka dirmatan yaamicha godhaniiru. Hawaasni Oromoo Jiddaa fi naannoo sabboontotni qabsoo saba isaaniif naatoo qaban nuuf jedhee dhiiga isaa kan dhangalaasuu fi lubbuu isaas dabarsee kennaa jiru WBO bira dhaabbachuun dirqama dhaloota biyyaa fi bilisummaa isaa barbaaduu ti jechuun, deggersa WBOf Riyaala Sa’udii 21,370.00 (Kuma Digdamii Tokkoo fi Dhibba Sadii fi Torbaatama) gumaachuu isaanii oduun Jiddaa irraa nu dhaqqabe ni mirkaneessa.
Xumura irrattis hirmaattotni walgahii kanaa ibsa ejjennoo qabxiilee adda addaa of jalaa qabu baafachuun walgahii isaanii injifannoon obbaasanii jiran. Dargaggootni sabboontotni Oromoo of beekan biyya Sa’ud Arabiyaatti argaman maqaa Dhaloota Qubee (Qubee Generation) kan Oromiyaa keessaa QBO finiinsaa fi mootummaa gabroomfattuu wayyaanee guyyuu FDGn lafa itti dhiphisaa jiraniin wal ijaaranis WBO jabeessuuf gumaacha maallaqaa taasisaniiru. Dargaggootni saboontotni Oromoo kunniin bakka adda addaa jiraatanis karaa mala walquunnamtii baraneen wal ijaaranii karuma kanaanis walgahii godhatuudhaan WBO jabeessuuf Riyaala Sa’ud Arabiyaa 5,150.00 (Kuma Shanii fi Dhibba Tokkoo fi Shantama) akka arjoomanii jiran oduun SBO dhaqqabe mirkaneessee jira. Walumaa galatti hawaasni Oromoo Sa’ud Arabiyaa magaalaa Riyaadii fi naannoo ishee, gareen WALIIN WALIIF fi garee ADDA BILISUMMAA OROMOO, Konyaan ABO magaalaa Makkaa fi Jaarmayni Tokkummaa Oromoota Makkaa, Konyaan ABO magaalaa Koof fi Jaarmayaan Tokkummaa Oromoo Koof, Konyaan ABO fi Jaarmayni Gamtaa Oromoota Jiddaa fi dargaggootni Dhaloota Qubee (Qubee Generation) QBO ABOn hoogganamuu fi WBO jabeessuuf Riyaala Sa’ud Arabiyaa 117,371.00 (Kuma Dhibba Tokkoo fi Kuma Kudha Torbaa fi Dhibba Sadii fi Torbaatamii Tokko) gumaachanii jiran. Deggersii fi gumaachi isaaniis cimee kan itti fufu ta’uu waadaa seenaniiru.
Deggersii fi gumaachi isaaniis cimee kan itti fufu ta’uu waadaa seenaniiru. Biyya Sa’ud Arabiyaatti Konyaan ABO Makkaa fi Jaarmayaan Tokkummaa Oromoota Makkaa Waxabajjii 26,2015 QASRII HILLAAL AL AHMAR irratti walitti dhufuudhaan dhimma QBO ABOn furfamuu irratti wayta mari’atanitti WBO daran cimsuuf battalumatti Riyaala Sa’udii 31,000 (Kuma Soddomii Tokko) arjoomuu isaanii akkasumas Konyaan ABO Tabuukii fi jaarmayaan Tokkummaa Oromoota Tabuuk Waxabajjii 14,2015 walitti dhufuudhaan dhimma qabsoo irratti marii gochuun, akkasumas tarkaanfilee WBOn diina irratti fudhataa jirutti gammaduudhaan WBO caalaatti jabeessuuf Riyaala Sa’udii 82,260 (Kuma Saddettamii Lamaa fi Dhibba Lamaa fi Jahaatama) arjoomuun isaanii kan yaadatamuu dha. Addi Bilisummaa Oromoo ilmaan Oromoo biyya Sa’ud Arabiyaa fakkii jabaa ta’aa jiran akkasumas kanneen bakkoota adda addaa jiraatanii qabsoo sabaa jabeessuu fi WBO cimsuuf tinnisa bifa gara garaa godhaa turanii fi jiraniin galatni keessan bilisummaa ummata Oromoo haa ta’u erga jedheen booda, bilisummaa fi biyya isaa gonfachuuf Oromoon keessaa fi alaan tokkummaa isaa daran jabeeffatee qabsoo bilisummaa isaaf tumsa gochuu fi qabsichattis hirmaatee finiinsuun ala fala biraa akka hin qabne hubachiisee jira.
Biyya Misraa Magaalaa Cairo keysatti warra Akhwaan Al-Muslimuuna fii Waraana Motummaa gidutti jeequmsa Umameen Namni 5 du`ee namni 70 madaawee jira. Hagayya 14/2014 magaalaa Cairo keysatti Warri bara dheengadda Aangorra arihataman “Akhwaan Al-Muslimuun ” Dhumaatii Raabia Al-Adawiyya fi Medaan Al-Nahadaa “yaadachuuf Hiriira guddaa qopheysaniin walitti bu`inssi isaaniifii polisii jiddutti umamee jira. Hiriira kanarratti walitti bu`inssi cimaan murna kanaa fii humna polisii jiddutti umameen namni 5 kan Du`an yo tahuu kan madaawan ammo nama 70 akka caalu hubachuun dandeyamee jira, ibsi polisiirraa kennamee akka hubachiisutti namni 30 tohannaa jala kan olan tahuu dabalee hubachiisee jira. Guyyuma kana humni haareyni hidhanno gutuu qabu tokko “Kataayib HElwaan ” ja`ee of beysisun Vediyo hareya FB rratti gadi dhiisudhaan waranaa fii polisii motummaaf akekachiisa kenne jira . kun ammo motummaa kana hedduu yaaddeyse jira sababni isaas hiriirri nageyaan gad geyfamaa jiru gara hidhannoti yo jijjirame rakko guddaa fida ja`amee waan eggamuufi, Erga warri Akhwaan Al-Muslimuun Aangorraa arihamani irraa kaasee hamma yonaatti namni 1400 kan du`an yoo tahuu namni 15,000 manaa hidhaa biyyatti gara garaa keysatti argamu, Polisii fii waraanarraa namni 500 kan du`an yoo tahuu hamma yonaatti hokkarri kun bakka adda addaatti itti fufaa jira. Warri bulchaa duraanii P/Mohammed Mursiin hogganaman keysaa namni 200 murtiin du`aa kan itti laatamee tahuun ni yaadatama. Hagayya 12 /2014 dhaabbanni mirga dhalaa namaa (human right woch) Gabaasa fuula 19 baaseen waraanni fii polisiin masrii acheechaa raawwatame kanaaf itti gaafatama kan qaban tahuu akeekuun isaa ni yaadatama.
Hagayya 12 /2014 dhaabbanni mirga dhalaa namaa (human right woch) Gabaasa fuula 19 baaseen waraanni fii polisiin masrii acheechaa raawwatame kanaaf itti gaafatama kan qaban tahuu akeekuun isaa ni yaadatama. gabaasni “Dhaabni Mirga Ilmaa Namaa” kuni hamma yoonaatti namotaa ajechaa kana raawwatan tokkollee Motummaan Masrii mana heraatti kan hin dhiheysin jira jechuun bulchiinssa kana qeeqee jira. Dhaamsa baqattota Oromoof ! !! Dhaamsa Baqattota Oromo Magaalaa Cairotti jiraatanii hundaaf ! ! Iddo hiriiraa fii jequmsi itti raawwaturraa akka of tiysan dhaamameefii jira. Gaazexeysaa Afaan Oromo/Arabaa Misenssa Dhaabbata Gaazeyxeysitota Biyya Masrii Obbo Gammadaa Sutee.
GAREE UMMATA OROMOOTIIN SHORORKEESSAA JEDHAMUU QABU! Garee farra tokkummaa ummata oromoo tahe,dhukkuba daranyoo sombaa wayyaaneen ummata oromootii raabsite!Yoo oromoo dhugaa taate osoo hin hifatin dubbisi! !Akkam jirtu kabajamaa fi jaallatamaa ummata oromoo garee kanaa? Jidduu kana wanni fb irratti argaa jirru,Muktaar kadiirii fi Asteer Maammoo oromiyaa keessatti dhalatan malee oromoo miti yaada jedhuu dha.Anis raga isaan oromoo dha ykn oromoo miti jedhu hin qabu.haatahu malee akka seera gadaatti ulaagaan nama tokko oromoo godhuu dandeettu maali? Jennee yoo of gaafanne dogoggora hamaa keessaa akka jirru of hubanna. Ummanni oromoo lafa amma irra qubate kana jaarraa 16ffaa keessa akka tahee fi wayta lafa kanniin weeraree qabatetti lafaa fi ummata orom-dura lafa san qubatellee moggaasaan oromeessuun baay’ina amma qabnu fi lafa baldhoo kanarraa qubannee akka jiraannu taasisaniiru.haatahu malee garee tokko jira.garee ofiin oromoo qulqulluu jechuun oromoota biraatii sartafikeetii akka armaan gadii kanatti kennu.1-yoo oromoo kiristaanaa ortodoksii tahe amaara2-yoo oromoo islaamaa gara bahaa tahe somaalee3-yoo oromoo protestaantii tahe sidaama ykn walaayittaa ykn…Asirratti gareen kun garee amantaawaaqeffataa jechuu akka hin taane akka naaf hubattan. Ummanni waaqeffataa oromoon tokko amantaa fedhe hordofee ilma oromoo ta’uun isaa qoftuu gahaadha ijjennoo jedhu qabu.
Namoota isaan oromummaa irraa mulqan keessaa muraasni1-weellisaa kabajamaa jaallatamaa fi sabboonaa UMAR SULEEYMAN( oromoo mitii somaalee jedhaanii maqaa isaa xureessaa turan )2-juneeydii saaddoo-prezdaantii mootummaa naannoo oromiyaa wayta turetti :a-seera hojjetaan mootummaa naannoo oromiyaa kamuu ijoollee isaa mana barumsaa afaan oromoo keessatti qofa barsiisuu qabab- seera biiroolee mootummaa n/oromiyaa keessatti afaan oromoo malee afaan amaaraa dubbachuun dhooggaa jedhuc-seera taappellaa fi dhaabbilee daldalaa irratti jalqaba afaan oromootiin ifa tahee barraahu qaba jedhud-Dhabbata Raadiyoo fi Telebijiinii Oromiyaa kan ijaarsisee abbaan duulaa eebbisee-galma abbaa gadaa adaamatti ijaarsisee Dr alii birraa kabajaan alaa waamee kan eebbisiisee fi bu’aa ali oromoo buuseef warqii 15kg badhaaasef-gaafa Jeneraal Waaqoo guutuu du’an reeffi isaanii kabajaan keeniyaa dhufee akka mootii biyya tokkotti akka awwaalamu nama taasise fi kkf hojiiwwan gurguddoo juneeydii tahee osoo jiruu ,karoora woyyaaneen magaala guddoo oromiyaa adaamaa godhuun ummata oromoo finfinnee keessaa baasuu karoorfatte dura dhaabbachuu dhabe,isatu barattoota oromoo ficcisiise fikkf jechuudhan oromumaa isaa irraa mulqan.Opdo tahuun waan biraa ,ilaalcha keenna qofa deeggaruu dhbuun oromummaa irraa mulqan.3-abbaa duulaa gammadaa-oromoo miti,tigreedha,minaasee w/goorgis jedhama….. abbaan duulaa wayta pirezdaantii turetti bu’uuraalee misoomaa heddu hojjechiisuu bira dabree,ijjennoo daangaa oromomiyaa sirreesuu jedhuun ummata oromoo naannoo kibbaa jala ture rifreendamiin gara oromiyaattideebisuun iddoo bashannanaa wandoo gannatillee isaa oromiyaa jalatti deebi’uu qabdi jedhee sochii eegale woyyaneen angoo irraa kaaftee bakka amma jiru kana keette.abbaan duulaa wayta san finfinnee keessatti galmi abbaa gadaa fi manniin barumsaa afaan oromoo Finfinnee keessatti ijaaramuu qaba jechuun kutaalee bulchiinsa magaalaa finfinnee hundarraa lafa fudhachuun dallayamee hojii jalqabuuf isaa jedhe bakka sanii kaasan.walumaa galatti namni Opdo keessaa ummata oromoo biratti haga Abbaa duulaa jaalatamuu fi kabaja qabu hin jiru.Garuu gareen kun Oromoo miti jechuun duula irratti banaa ture.4-kumaa dammaqsaa-kan dhalate dhiha ormiyaatti yoo tahuu innis oromoo miti jedhaniinii duula irratti banaa turan5-asteer maammoo-kan dhalatte dhiha oromiyaa taatus hintala oromootii miti jedhuun.6-abdul aziiz muhaammad –kan dhalate baha oromiyaa keessatti tahus somaaleedha malee ormoo miti jedhaanii jiru.ALAMAAYYOO ATOOMSAA-OPdo keessaa namni garee kana irraa sartafikeetii ormoo qulqulluu argate alamaayyoon ATOOMSAA qofa. Anilleen oromoo tahuu isaa hin mormu.garuu alamaayyoon oromoo qulqulluu tahuun isaa ummata oromootii maalbuusee? Alamaayyoon nama 1990moota keessa wayta ABO dhiya oromiyaa keessaa sochii cimaa godhaa jirutti miseensa opdo tahuun ummata wallaggaa hiraarsaa dararaa turee fi osoo hin turin itti gaafatamaa tika nageenyaa naannoo oromiyaa tahuun nama adda durummaan daba dura ummata wallaggaa irratti raawwataa ture gara guutuu oromiyaatti olguddifatee oromoota hedduu maqaa ABOtiin hidhaa fi ajjeesisiisaa tureedha.wayta itti gaafatamaa dhaabbata raadiyoonii fi telebijiinii Itoophiyaa turettis nama osoo ummanni oromoo sa’aatii sagantaa afaan oromoo nuu haa dabalamu jedhee gaafatu,sagantaa afaan atigriffaa guyyatti wiixata-jimaataa sa’aa tokko qofa ture gara sa’aa lamaatti olguddisee a/oromootiin walqixxeesse fi nama gaafa prezdaantii tahe baajata caffeef dhiyeessee keessatti artii oromoo kan Hinseenee mokriyaa (barreessaa jechiika ELELLEEti)pizedaanti tahuun hojjechaa ture guddisuuf baajata qara ramadamaa ture”nuti nama sirbuu miti nama misoomaa barbaanna” jechuun dhooggate,nama Aramaa ABO wallagga keessaa balleessuu fi malaammatummaa oromiyaa keessaaballeessuu kaayyoo godhatee hojitti seenee fi nama inni caffee keessa taa’ee”ummata oromoo muslimaattu qarshii baankii kaayuun dhala nyaachuu dideetu misooma oromiyaa miidhaa jira” jennaan miseensonni caffee akka jiraniin “namni kun dhuguma ilma oromoo wallaggaatii?” jedhanii akka shakkan taasiseedha. Maarree oromoo qulqulluu tahuun isaa ummata oromoo ni miidhe moo ni fayyaderee?Amma ammo muktaar kadiir ormoo miti jedhaa jiru.wanni inni oromoof hojjete jiraachuu baatullee Obaamaa abbaan isaa lammii keeniyaa ,sanuu Gurraacha tahuu osoo beekan warri adiin sagalee keennaniifi ameerikaa qofa osoo hin tahin addunyaa bulchaa akka jiru quba qabduulaata?
Maarree muktaar kadiir haga oromoo tahuu fi dhabuusaarratti yeroo findhu maaliif maal ummata oromootii dalagaa jira jennee hinqorannee?Kana qofaa miti gareen kun qabsoo dhoonbir qabsoo ummanni baalee diddaa gabrummaa godhuun oromoonni booranaa,gujii,hargee ,arsii fi sabni sidaamaa fa’a qooda fudhachuun baleen waggaa 7 nafxanyaa jalaa bilisa baasan,”qabsoo ganda tokkooti,qabsoo amantaa islaamaati, jeneraal waaqo somaaleedha malee oromoo miti fikkf…..” jedhaanii turan.mee laalaakaa!.jeneraal waaqo nama qawwee argachuuf jecha somaalee dhaqanii nu oromoo hin beeynuu maqaa somaalee aabbootiin socho’aa isaaniin jennaan waraana dhoonbir keessaa namni tokko “ee dhugaa jedheen gaafa oromoon ummamtu somaaleen lafarra hin jirtuu ” jedhechuun “lakki nu maqaa oromootiin malee maqaa somaalee jedhu kana hin fudhnnuu ” jedhanii dinna ,hoggantoonni somaalee yeroo sanii guddoomii /angoo/ fi qulfii biiroo irraa fuudhanii nama abbaan oromoo haadhaan somaalee tahe tokkoof kenninaan ijoolleen oromoo aartee dhagaadhaan biiroo fi guddoomii jeneral waaqoo deeffatan.haatahu malee maqaa somaalee aabboo jedhu fudhachuu diduu isaanii tiif qawwee waan dhooggataniif waraanni dhoonbir achi jiru mariyatee “soqidda baattaa jennaan deega caala ulfataa ” jedhee oromoon ” isii oromummaa dhiigaan arganne malee ergisaan hin argannee maqaan somaalee jedhu nutti hin maxxanuu,eega maqaa oromootiin qawwee nu dhooggatan ,maqaa dhiisii qawweeyyuu isaanirraa fudhataa jirraa yeroof maqaa somaalee aabboo jedhu kana fudhannee ummataa fi lafa teennaa yoo ittiin bilisa baafanne maal rakkoo qaba” jedhanii faaydaa fi miidhaa wal-bira qabanii laaluun itti seenan.
(namoota yeroo ammaa lubbuun jiran kangaafa san dhagaadhaan somaalotaan wallolaa turan kan qabsoo dhoonbir keessatti baddaa harannaatii haga gaarreen baaleetitti hogganaa waraanaa tahuun lolaa ture vidiyoo isaa haarawa yeroo dhiyoo keessatti isinii gadi dhiisuu yaala).jeneraal waaqo baale calla bilisa baasuuf yaalaa hin turre,oromoon tuulamaallee shawaa keessatti falmataa akka jiranii fi jeneeraalli oromoo tokkos qabsoo oromoo tanatti makamuu akka barbaadan dhagayuu qabsoo oromoo baalee gara guutuu oromiyaatti guddisuuf xalayaa fuula 14 haaji aadam saaddootiin gara Jeneraal TaaddeeBirruutti erguun “koottuu ogummaa qabduun nu hogganii ummati oromoo bililisa baasi jedhaniinii “turan. Qabsoo hagana geettu gareen kun qabsoo GANDA tokkooti jedhaanii turan.bara xaaliyaaniin liibiyaa weerarte ummanni gand beengaazii umar muktaariin hogganamu waggaa 20 oliif waraanaa turee booda hinjifataman,ummata liibiyaa biratti akka qabsoo ulfinaatti laalama.asuma dhiyoo kanas qabsoon gaadafii angoo irraa buuse ganduma/magaalama beengaaziitii ka’ee ummata liibiyaa bilisa baase.QABSOO GANDA TOKKOO!!! Maarree isin garee kanaan maal jettuuuuuuuuuuuuu????? ?FARRA SEENAA OROMOO JENNUUNII??? ?Mee yoo beeytan natty himaa!!. Gareen ykn dhaabbanni ykn yuuniversitiin ummata oromootii sartafikeetii oromummaa kennu kun garee kami laata? Maqaa oromoo qabaachuun ormoo nama taasisa jettuu? Yoo akkas taate miniteerri itti biyyaa Siraaj FAGEESSAA oromoodhakaa! !kkkkkkkkk!Tasfaayee gabra aab bishooftutti dhalate.abbaa fi haati isaallee lammii eertiraati.garuu ani bishooftutti dhaladhe,ilaalchaa fi aadaa oromootiin guddadhe kanaafuu ani oromoodha jedhee dhimma oromoorratti kitaabota hedduu barreessuun amaara bowwaasisaa jira.akka garee kanaatti TASFAAYEEN oromoo miti kaa!
!kkkkkkkkk!Tasfaayee gabra aab bishooftutti dhalate.abbaa fi haati isaallee lammii eertiraati.garuu ani bishooftutti dhaladhe,ilaalchaa fi aadaa oromootiin guddadhe kanaafuu ani oromoodha jedhee dhimma oromoorratti kitaabota hedduu barreessuun amaara bowwaasisaa jira.akka garee kanaatti TASFAAYEEN oromoo miti kaa! !.Haaji Alibaa YA’aqoom dhalootaan paakistaanii,hintala oromoo fuudhee lammii biiya toophiyaa argatee SABA OROMOO filate bakka jiraataa jiru calanqotti gosa oromoo filatee sirna moggaasaatiin murtii buusanii oromoo tahanii jiru.H/Alibaa Yaa’aqoob Nama gaaffilee miidiyaalee itoophiyaa irratti gaafataman hedduu deebisuu fi badhaasa hedduu fudhachuun beekamanii fi afaanota a/oromoo,a/amaaraa,a/tigriffaa,a/hararii,a/paakistaanii,a/arabaa,a/ingiliffaa,a/somaalee fikkfa dubataniidha.Namaa ummanni niyyattii hedduun beekuudha.akka garee kanaatti H/Aliibaay oromoo miti.Walumaa galatti wanni ani jechuu barbaadu oromummaan maqaan qofaan osoo hin tahin oromiyaa keessatti ykn haadha ykn abbaa oromoo irraa dhalchuun hintala oromoo fuudhuun afaan oromoo dubbatee dandeettii qabuun bakka jirutti oromummaa isaa yoo hojitti jijjiire anaaf OROMOO jechuun sani!.WALLAGGA dhufee;WALLOO dhufee;BAALEE dhufee;BOORANAA dhufee ,SAAKKISOO dhufee,SHAWAA dhufee maaliif ABBAA FI HAADHA kiyya hin taane yoo yaada ummata oromootii bu’aa buusu qabate hojitti hinjijjiirin anaaf oromoo MITI!Kanaafuu gareen kun garee ummata oromoo dadhabsiisuuf wayyaaneen raabsite tahuu hubachuu akka ummata oromootti SHORORKEESSITUU jedhuunii qabna!.maqaa qofaan oromoo isa godhuun ,akka artistii jaalatamaan oromoo umar suleeyman jedhe hiikkaa hin qabu. (“ KAN JEDHUU MITII KAN JEDHAMU LAALAA,KAN JEDHAMUU MITII KAN JEDHU LAALAA”-artisti-umar suleeyman). “ANI GAREE KANAAN SHORORKEESSAA JEDHEE, ISINOO GAREE KANAAN EENNU JETTU?”
“Too’anna Da’umsaaf Koriyaan Itophiyaa Gargaaruufi” – Oromoo waan tuqu qabaa laata? Ibsaa Guutama irraa Bara durii duriitii kaasee madaala uumaa, lafa, diinagdee fi kan dhimma itt bahanii eeguuf falli too’annaa da’umsaa shakalama ture. Sun madda qabeenyaa yaraa hirmachuu, fayyaa haadhaa fi ilmoo eeguu fi akka karoora fascistootaatt immoo qulqullummaa sanyii eeguuf gargaara jedhameetu. Jaalalli Oromoon ijoolleef qabu hammana hin jedhamu. Oromoon yeroo hunda ijoollee guddifachuuf qophee turani. Warri Oromoo naannichaaf akka galma qaallota jara lixaa bakka ijoollee hin barbaadamne itt gatanii ture. Ijoollee godhatanii fi guddifatan gidduu sanyiin haa ta’uu ogooman fanfanuun hin turre. Taadhomni eebba Waaq karaa Ateetee dhufutt amanama. Dhabduun taadhomuuf Ateetee yoo kadhattu kan ilmoo argatan karaa see Waaqa faarfatu. Ilmoon dhalachuun gammachuu addaa warraaf yoo fidu dhabduuf mararfannoo argamsiisa. Dhabuu, salleessuu kkf karaa Uumaan baayyina namaa itt to’atu keessaa hamma tokko. Namooti yeroo ilmoo guddisuuf hin qophoofne saala lagatu turani. Humnaan taadhoma dhaabuun hin beekamu ture. Si’ana sabi Oromoo dhukkuba daddarbu, busaa, balaa uumaa akka bubbee roobaa, beela, dhukkuba taraa fi kkfnin dorsifamaa jiraa. Oromo garri caalu, Uumaan ilmoo abbaa barbaadu kennee kan hin barbaanne waan dhowwatuuf eenyuu hojii saa keessa seenuu hin qabu jedhu. Garuu hawaasi ammayyaan dilormaan (lakkoofsi namaa) hammaa bahuun lafaa fi wanti ittiin jiraatan hanqachuu danda’a jedhanii yaadda’aa jiru. Kanaaf mala adda addaa ittiin da’umsa too’atan, akka laguu, qaama ofii dhaggeeffachuu fi danqaa adda addaatt dhimma bahuu yaada kennuu. Hindiin addunyaa keesssaa biyyoota dilorma gudaa qaban keessaa isa lammafaa ture.
Imaammati maseensaa Indiraa Gaandii waca guddaa akka kaasee fi dhuma irrati kufaatii seef kaasaa tahuun ni yaadatama. Karaa biraa mmoo utuu mootummaan keessa hin seenin dilormaan biyyoota hedduu misanii gadi guddachuun 0% gad darbuu fi yartuu qofti “taadhoma bakka buusaa” kan jedhamu (dubartiin ilmoolee akka baayyinni dilormaa gadi hin buune qofa taasisu itt godhatan) keessa akka jirantu mullata. Hamma yoonaa imaammata warraa biyyoota misanii duuba madaala sanyii fi gitaa eeguuf dira’inni jiraachuu dhiisuu dhugaatt hin beekamu. Garuu kan Itophiyaaf mamii sirinyaa qabna. Empayerri Itophiyaa bara hundaa to’annoo abba hirrootaa garajaboo jala akka turte beekamaa dha. Dilormaa kolonotaa garri caalaan Oromiyaa kan tahe gad cabsuuf mala hedduutt dhimma bahaniiru. Mootummaan amma jiru isaan irraa adda miti. Gochaa fi irra darbuun dilormaa Oromo yarsuuf mala adda addaa dhahe jira. Beekaa ajjeechaa seermalee fi lafarraa buqqisa qacceefixaa gad hin taanee hojii irra olchee. Ijoollee Oromoo loltummaan foo’ee yeroo lola saa garmalee, miinoo irraa oofuun ficcisiiseera. Oromoon dhaqanii dhumuuf kan guuraman fedha malee yk bu’aa bubuutuun sossobamanii ture. Naannaa beelli galett hedduun kan dhuman, yeroon dhaqabuufii dhabuuni. Oromoon magaalaa fi baadiyyaa qeyee saaniirraa buqqifaman biyyuma ofii keessatt kan qaban saamamanii karaarratt darbamuun bakka qubatan dhabanni. Bishaan saanii fi lafti saanii haddhaan faalamuun nagaa saanii fi kan horii saan irra hamaa geessiseera. Magaalaa mummitii Oromiyaa Finfinnee keessatt ulaagaan dorgomuu afaan Amaaraa beeku wan godheef ijoolleen Oromoo hojii argachuu hin dandeenye. Magaalaa muummittii keessatt waabarii ambaa waan hin argamsiifneef ijoollee Oromoo barumsatt saaqaa dhabsiiseera.
Kurnan sadiyiif Oromoo akka nyaaphaa saa sadarkaa tokkoffaatt fudhachuun kan manca’uu yk sadarka saatt gadi buufamuu qabu jedhee fudhateera. Oromoon badii irraa ooluu fi qabaa seermalee jalaa birmadoomuuf lolataa jiru. Kan qabatee gara saatiin olhaantummaa saa itt fufuuf lolataa. Kanaaf karoorri baafatu hundi gara sanatt kan geessuu tahuu akka qabu ifaa dha. Karoorri guddina dilormaa isaan wuxiname sanaan adda hin tahu. Karaan doofaa inni baayyina namaa gad cabsuuf baafate, ajjeechaa, qeyee buqqisa, hidhaa, biyyaa ariisaa fi guraaraan sangoomsi hin quufsineenii. Kanaaf guddina dandeettii saa ol kaafafatee lakkofsa Oromoo hamma danda’amutt quucarsuuf mootummoota alaa fi kubbaaniyyoota afeerrataa jira. Oromiyaaan qabaa jala jirtii. Kan qabate hafee mootummaa ofii kennatanuu wan dhuunfaa fi warraa irratt amanuun rakkisaa dha. Mootummaa qabate hafee kan ofii kennatanuu dhimma dhuunfaa fi warraa kan akka too’annaa da’umsaa ta’ett e amanuun enyuufuurakkisaa dha. Yeroo sabichii roorroo ango qabeessaa, imaammata beekaa callisanii beela irra darbuu, AIDS, busaa fi dhibee biraan dorsifamaa jiru waa’ee too’annaa da’umsaa Oromiyaa dubbachuun gamnummaa miti, Sanatt dabalatee waraana isaan hin laalletti giddisiifamuun dilormaa saanii keessaa gara guddaa dhabaa jiru. Kooriyaan hamilata safuu tahe akkasii irratt tumsuufiin tolaa saa irra hamaa saatu caalaa. Bara mootii mootichaatii kaasee waajjirri karoofata warraa Shaggariin ture. Haadholii waa’ee fala akka laguu fi yeroo eeggachuu barsiisaa turani. Waa’ee danqaa fi farreenrimaa (contraceptives) biraas hubachiisaniiru. Kana irra darbee ogummaa alaa wanti barbaachiseef jira ta’aa. Karoori warraa Itoophiyaa hanga yoonaa dhimma itti hin bahin jiraatinnaa jedhamu fala maseensaa kan Koriyaan Kibbaa muuxannoo fi ogummaa itt qabu.
Kanaaf hamaa haamilati kun fiduu dandahu sabboonoti dammaqanii hordofuu qabu. Dandeettii saa argannaan akka dargaggoo Oromoo keessaayyuu hidhamtoota 90% ol Oromoo tahan irratt hin shaakalle iggitiin hin jiru. Oromoo murna taa’omaa keessa jiran deegaa haa tahuu badhaadhaa fedha abbaa irratt xiyyeefamee malee eenyuu surrii akka dhiqu itt dhiifamuu hin qabu. Kan Oromoon fedhu barumsa qajeelaa iyyaatii barbaachisaatt saaqaa baanuuf malee too’annaa dahumsaa miti. Addunyaa keessatt kan hubatamaa jiru akka warri baratee fi magaalawe lakoofsi ilmaan qabaatanii dangeeffama tahee dha. Maqaa warraa fi of tursuuf dharraan dudhaan ilmoof qaban amma hin mullatu. Gudddinni teeknooloojii hamma hin qabnee dubartii fi dhiira hojjetanii buluu carraaqaniif ilmoo qabaachuun baa’aa itt taha jira. Kanaaf qooda fudhannaa mootummaa malee dilormaan sadarkaa yaaddesutt 0% gad gara -0tt bu’aa jira. Kanaaf maseenummaa fafeessaa irra barumsa rogaa fi deettii du’a daa’imaa gadi buusuu irratt xiyyeeffachuun caalaa gumaachuu danda’a. Bulcha Itiyoophiyaa imaammata dilormaa irratt amanuun, waan walfakkaatuuf Hitilariin amanuu irra hin wayyuu. Kan beekamuu qabu akka bulchi Itophiyaa fedha Oromoo hin wakkalle. Gargaarsa argatu kamuu Oromoo qaamaa fi hamileen butuchuuf akka dhimma itt bahamu beekamuu qaba. Waliigalatt deettiin guddina dilormaa Empayera Itophiyaa sadarkaa rifachiisaa hin geenye. Statistiksiin kenname madda amanamaa irraa argame yoo jenne biyyoota 233 keessaa kudha arfaffaa dha. Oromiyaan waan dilormaa gad cabsan akka balaa nama fi uumaan dhaqabsiisaniitt saaxilamtuu dha. Balaa caalaatt saaxiluun, dandeettii diigota akkasii ol kaasuufiin bulchi Itophiyaa fixaqaccee qaata oofaa jiru caalaaf jajjabeessuu ta’aa.
Bakka moo’ummaan falmamaa jirutt gartokko goranii gargaaruun hangameessa kamiinuu qajeelaa hin ta’u. Oromo wayyabi kan fedhan filachuuf iyyaatiitt saaqaa hin qabani. Akka akeekaatti karoorri warraa akkaa,madala dilormaa eeguu qofaaf utuu hin ta’in nageenya dhalootaas waan gargaaruuf nammuu mormii hin qabu. Haa tahu malee kan dhimma itt bahan waan inni dhaqabsiisuu dandahu dursanii beekanii guddifachuuf fedhuu qabu. Sun jedhamus, halagaan Oromoof murteessuu hin dandahu. Kanaaf waliigalanii rimsama karoora warraa isaanii tahu keessa facaasuun qooda beekota Oromo, keessaayyuu cireessotaa fi qubqabsisotii Oromo walabaati. Mirga ilmoo namaaf kan falmanis dhimma kanaaf hiriirsuu dandahuun anjaa qaba. Naannaa karoora warraa mootummaa shaakalli badaan akka jiraachuu dandahu ummata dammaqsuu dha. Hamaa sabicha qabame irra marsaa jiruf kun hamaa dabalataati. Hundaafuu baraar haajennuu!! Ulfinaa fi surraan gootota kufaniif; walabummaa, walqixxummaa fi bilisummaan kan hafaniif; nagaa fi araarri Ayyaana abboolii fi ayyoliif haa tahu! * Ibsaa Guutama: Gubirmans.com –http://www.gubirmans.com/Too%E2%80%99anna%20Da%E2%80%99umsaaf%20Koriyaan%20Itophiyaa%20Gargaaruufi.html ========================================================= “Korea to Help Ethiopia with Birth Control” – Is there implication for the Oromo? By Ibsaa Guutama* | August 2014 Birth control schemes had been used, from ancient times to the present, for the purpose of keeping natural balance between land, economy and users. That is supposed to help sharing scarce resources, protect health of mothers and children, and also to maintain the purity of race in cases like the fascist policies of eugenics. The Oromo love for children are phenomenal. Oromo are always willing to adopt children. For the region, Oromo families of olden days were like convents in western countries where unwanted children were dropped.
They make no difference between children they begot or adopted from any race or caste. Fertility is considered a blessing of Waaq through the Ayyaanaa “Ateetee”. One who is barren prays to Ateetee for fertility while those who are bestowed with children praise Waaq through her. The birth of a child brings special joy to the family and society, and sympathy to the childless. Being barren, miscarriages, etc. are birth control methods of Nature, among other things. People used to abstain from sexual activities when they are not ready for a child. A forced curbing of fertility by the powerful and its allies was unknown to them. At present, Oromo nation’s population is under threat of dwindling by epidemics, AIDS, malaria, natural calamities, famines, common diseases, etc. Majority Oromo believe that the Creator gives and denies offspring, and no one should interfere with His work. But modern societies are worried about the possible overpopulation that available land and means of subsistence may not be able to support. For that reason, they suggest different methods of birth controls like abstinence, rhythm and barrier methods. India was the second populous country in the world. It will be remembered that the sterilization policy of Indira Gandhi said to have been directed against poor men and political opponents created great uproar and her ensuing downfall. On the other hand, populations of highly developed countries have gone down below zero growth rates with only very few in what is called replacement fertility rate (women producing babies enough to sustain population levels). So far, we cannot say for sure if there are sinister motives to balance race and class behind the family planning policy of developed countries. But, we have serious doubts about those of Ethiopia. The Ethiopian Empire has always been controlled by ruthless dictators. They had used different methods to reduce population of their colonies, the greater part of which is Oromiyaa. The present government is no different. It has tried to reduce the Oromo population by commission and omission, against its own laws. It has engaged intentionally in illegal killings and dislocations to a level of genocide. It has exposed Oromo recruits to its army to danger by driving them over minefields during its senseless wars. The Oromo were mobilized without their will or lulled by remuneration to go and die en masse. Several have died in famine stricken areas of Oromiyaa being denied timely attention. Oromo dislocated from their homestead in urban and rural centers had been thrown to the streets in their own country after being robbed all they had.
Their water and soil is poisoned affecting theirs and their animal’s wellbeing. It has made it impossible for Oromo youth to get jobs in their own capital – making knowledge of Amharic criteria for competing. It has denied several Oromo youth access to learning in their own language by not making public schools available in the capital of Oromiyaa. It has come for three decades considering the Oromo nation as its number one enemy that has to be destroyed or reduced to its level. The Oromo are fighting for their survival and freedom from illegal alien occupation. The occupier on its part is fighting to continue its domination. Therefore, all policies that it makes are meant to help it towards that end. Population growth policy drawn by it cannot be different. Its crude means of reducing population increase, killing, dislocation, imprisoning, chasing out of the country, and castrating by torturing did not satisfy it. Therefore, it is inviting foreign governments and companies to enhance its capability in diminishing the Oromo number to the smallest possible size. It was announced that South Korea is going to assist Ethiopian Empire in controlling population of its colonies. (English, chosun.com – 07/11/14). According to the CIA World Factbook 2013, the population growth rates in Ethiopia and S. Korea are 2.89 and 0.16, respectively. As a result of its family planning policy, South Korea’s birth rate dropped from 6.1 in 1960 to the present level. South Korea is going to transfer the experience it gained from that policy, which included sterilization. It is promising to help Ethiopia to reduce “its population” with the input of W2.2 billion (US$ 2157386?) and expertise. From its population size, the target could be no other than Oromiyaa. One of the reasons for Habashaa elites for fearing democracy is the largeness of Oromo in numbers. Family planning may help leveling that. Oromiyaa is under occupation. Let alone an occupying power, it is difficult for anyone to trust even own elected government on personal and family matter like birth control. When the nation is under threat of being wiped out by abuse of power and intentional policy of passing in silence of famine, AIDS, malaria and other deceases, it would be unwise for anyone to talk of birth control in Oromiyaa. Over and above that, they are losing big chunk of their population as a result of being forced to take part in wars that do not concern them.
The collaboration of South Korea in such unethical colonial project will be more harmful than good. There was a family planning office in Finfinnee since the time of the Emperor. They had been teaching mothers about methods like abstinence and rhythm technics. They had also made them aware of barriers and other contraceptives. There must be another method that required foreign expertise. Sterilization is a method in which South Korea has experiences which the Ethiopian family planning might have not used so far. Therefore, it is the obligation of all Oromo nationals to be on guard against possible harm this project might entail. Once the regime gets the knowhow, there is no guarantee that it would not use it on prisoners – who are more than 90% Oromo. No one should be allowed brainwashing Oromo fertile age grade – poor or rich – without free will of the target group. What Oromo needs is proper education that could give them access to necessary information, not birth control. From what is observed throughout the world, educated and urbanized family have limited offspring. The traditional desire of having children for family name and sustenance is no more valid for them. Highly developed technology has made children more of a burden for struggling working men and women. As a result, population is going down without needing government involvement. It has gone down to worrisome level of below 0% and even zero minus. Therefore, concentrating on educating the population and decreasing infant mortality works better than crippling sterilization. Trusting the Ethiopian regime on population policy will not be less dangerous than trusting Hitler for the same purpose. What everyone should understand is that the Ethiopian regime does not represent the Oromo interest. Any help it gets will be used to crush the Oromo physically and psychologically. Overall, the population growth rate of the Empire is not that alarming. Taking the given statistic as driven from reliable source, it ranks 14th out of 233 countries. Oromiyaa is vulnerable to so many manmade and natural calamities that reduce its population. To expose it for more of those calamities by raising destructive skill for the regime would amount to encouraging it for more genocide than it is already committing. In a situation where sovereignty is contested, to side one against the other will not be fair by any standard. Majority of Oromo are having no access to information to choose between options. In principle, one may not be opposed to ethical family planning for it helps not only population balance, but also for the development of healthy generation.
In principle, one may not be opposed to ethical family planning for it helps not only population balance, but also for the development of healthy generation. However, those who receive have to be aware of the consequences and willing to adopt it. Even then, aliens should not decide for the Oromo. Therefore, it is incumbent upon all Oromo knowledgeable, in particular Oromo health experts and Oromo free media, to collaborate in disseminating the concept of family planning best fitting them. They have also to be able to rally human rights advocates for the purpose. The people should be made aware of the possible existences of malpractice around the regime’s family planning. This is another danger added to the danger already looming over the occupied nation. Let us say, save us from every thing evil!! Honor and glory for the fallen heroines and heroes; liberty, equality and freedom for the living; and nagaa and araaraa for the Ayyaanaa of our fore parents! * Ibsaa Guutama: Gubirmans.com –http://www.gubirmans.com/Korea%20to%20Help%20Ethiopia%20with%20Birth%20Control.html
Obboo Abbaa Magaal hikkame jedhu Waggoota 22oliif mana hidhaa wayyaannee keessatti hidhame dararamaa kan turee Qabsa’aa fi gotichii Oromoo Abbaa Magaal (Jamal Mustefa Adem) gaafa 9/22/2014 mana Hidhaa wayyaannee qaalliitti kessaa hikkameera jedhu
Akkuma yaadatamuu Erga warri Akhwaan Al-Muslimuun Aangorraa arihatamanii kaasee biyyatti keysaa jequmsaa fii tasgabbii dhabu hamaan jiraachuun beekkamadha.
Imaaltoonni daandii gubbaa jiru marti bakkuma jiranitti konkolaataa saanii dhaabuun doolaara samiirra roobu adamusuu jalqabuudhaan daandii girgirsan jedha AP Haatahuu malee doolaarri samiirraa konkolaatootarratti roobe kun kanna rabbi biraa osoo hin, konkolaataa maallaqa fe’ee deemu balballi isaa ta gara duuba cabuudhaan korjoon maallaqaa cittee doolara qilleensatti kannite tahuu poolisni Maryland ibse.. Guutuu waan kanaa dubbisuuf as tuqaa
Miidiyaan jiraates jiraachuu baates,namni jiraates jiraachuu baates dhugaan uummata Oromoo yoom iyyuu hin dhokatu Hmmmm……bullee kaanee waanuma Abdii nama kutachiisu dhageenya yaa Lammii!!! yeroo Miidiyaaleen Addunyaa Badii tokko malee Ajjeefamuu,Hidhamuu fi Dararamuu uummata Oromoo Uummata Addunyaaf Gabaasaa jirtutti,nuti immoo Miidiyaa tokkittii Hawwii fi dheebuu uummata Oromoo hanga tokko hir’isuu dhaaf qabsoo guddaatiin dhaabatte sagalee ishee duuchuu dhaaf shira wal irratti xaxuu jalqabne!!! waan baayyee isin ajaayibu ani Hooggantoota OMN(Oromo Media Network) eenyu akka isaan ta’aan hin beeku.garuu Hojiin Miidiyaan kiyya kun Hojjachaa jirtu hangan Ija kiyya amanuu dadhabutti kan na boonsite dha. yeroo Midiyaan Uummata Oromoo kun Dalagaa jalqabde Miidiyaaleen Habashootaa hundi “Miidiyaa Uummata walitti buusuuf banamte” jechuu dhaan guyyoota hedduuf waa’ee Minilik saanii faarfachuu dhiisanii barullee fi Gaazexaa isaanii irratti waa’ee Midiyaa dhugaa Uummata Oromoo baasuu dhaaf dhaabbatte(OMN) irratti Holola Odeessuu dhaan gabaasa gochaa turan.Miidiyaan kun dhaabattee ji’oota muraasa booda yeroo Barattoonnii fi uummanni Oromoo Gaaffii Mirgaa gaafachuu jalqaban “Miidiyaa kanatu Uummata Oromoo narratti kakaase” jechuu dhaan mootummaan keenya baasii guddaa baasee akka ukkaaffamtu taasiseera.kun kan ta’uu danda’e Miidiyaan kun dalagaa jalqabdee ji’a ja’a osoo hin guutini!!!
dhiibbaa karaa garaa garaa irra ga’u hunda dandamattee har’as dhugaa uummata keenyaa ifa baasuu dhaaf carraaqaa jirti.fknf Lammii biyya keessa jiran kan biyya Hambaa jiran waliin wal barsiisuu dhaan OMN’n uummata Oromoo gidduutti Riqicha taatee jirti.qaamolee siyaasaa mirga uummata Oromoo kabachiisuu dhaaf Falmaa jiran hordoftee uummataaf dhiyeessuu dhaan shakkii uummati keenya “qaamoleen siyaasaa kun Jiru moo Hin Jiran?” jedhee of gaafachaa tureef OMN’naan deebii Laattee jirti.akkasumas rakkolee dhoksaa dhaan dhaaba Siyaasaa keessatti mul’achaa ture OMN’naan hordofuu dhaan rakkoon jiru maal akka ta’e uummata keenyaaf gabaasa gochaa jirti.namootaa fi dhaabbata Rakkoo uummata Oromoo addunyaaf beeksisuu dhaaf carraaqqii taasisaa jiran OMN’naan stuudiyootti afeeruu dhaan bakka uummata Oromoo buutee galateeffachaa jirti.Artiistonnii fi Lammiiwwan keenya Oromoo waan ta’aniif qofa dararamanii biyya ambaatti godaanan karaa miidiyaa kanaa uummata keenya waliin wal quunnamaa jiru. Walumaa Gala akka dhuunfaa kootti yeroon taa’ee Miidiyaa OMN’naa daawwadhu miira addaatu natti dhaga’ama.kan baayyee nama gaddisiisu garuu namoonni uummata keenyaaf waan baayyee ni dalagu jedhamanii eegaman,namoonni kan wal dhabe gidduutti araaraa buusuu dhaan tokkummaa uummata Oromoof fakkeenya ni ta’u jedhamanii eegaman bu’aa waggaa tokko gidduutti Midiyaan kun fidde odeessuu dhiisanii “walii galteen miidiyaa kana keessa waan hin jirreef waggaa tokko gidduutti hojjattootni Shan miidiyaa kana Gadhiisanii jiru.” jechuu dhaan waan gurraa fi Ija namaaf hin tolle Miidiyaa kana irratti odeessuu jalqabanii jiru.ani akka dhuunfaa kootti namoota miidiyaa kana Gadhiisaniiru jedhaman quunnamuuf yaaleen jira.waan isin dhibu namoota kanneen keessaa namni danda’ee hammina miidiyaa kanaa naaf ibse tokkollee hin jiru.dhiyeenya kana namoonni Miidiyaan kun akka guddattuuf carraaqqii taasisaa turan Lama seera ittiin bulmaata miidiyaa kanaa cabsitan jedhamanii adabamanii turan.erga adabamanii boodas fedhii isaaniitiin Hojii dhaabanii jiru.tarii namoonni kun Lamaan yeroo isaanii aarsaa godhanii Miiidiyaa kana guddisuu dhaaf carraaqqii waan taasisaa turaniif adabamuun isaanii kun itti dhaga’amuu ni danda’a.akkasumas Miidiyaan kun seera ittiin bulmaata mataa isheetii waan qabduuf yeroo seerri cabu akka seerri ishee jedhutti adabuun dirqama.namoonni kuniif miidiyaan kun akka haadhaaf Ilmooti.Haati Ofii yoo nama adabde akkas na goote jedhanii Ormatti hin himatan.
Yeroo muraasaaf irraa baqatanii booda itti deebi’u.sababni isaas Haati Ofii Haadha waan taateef.kana immoo Ijjoolleen kun nutti agarsiisanii jiru.yeroo adabaman Adabamne jedhanii wanti isaan dubbatan hin jiru.yeroo hojii dhaabanis hanga har’atti akkas taane jedhanii wanti dubbatan hin jiru.namoonni tokko,tokko garuu jibbiinsa miidiyaa kana irraa qabaniin kan ka’e dhimma kana akka kufaatii miidiyaa kanaatti Odeessaa jiru.waan tokko irratti komii qabaachuun gaarii dha.akkasumas kan jajjabeeffamu dha.garuu yeroo mara cimina waan sanaa dhiisanii dadhabina qofa odeessuun keessi ishee rakkoo qabdi.Jaaladhee miti namootan baayyee Kabajuu fi jaal’adhu irratti komiin qabu barreessuu kanan danda’e.Osoon bakka guddaa tokkotti abdadhu bakka kanatti argamuu isaaniitu mogolee na buuse!!! Miidiyaan jiraates jiraachuu baates,namni jiraates jiraachuu baates dhugaan uummata Oromoo yoom iyyuu hin dhokatu.yoo namni dhibe simbiratu afaan baasee dubbata!! Kanaafuu rakkoo namoota dhuunfaa irraa qabdaniin kan ka’e Midiyaa kana irratti Holola fokkisaa ta’e odessuu osoo dhiiftanii gaarii ta’a.
(I.F.L.O) Shoorakeessuuf yeroon isaa dhumee jira. Waan hin barreeyfamin Dubbisanii sodaa hin jirre Uumuudhaan Mooraa Qabsoo A.I.B.O (I.F.L.O) Shoorakeessuuf yeroon isaa dhumee jira. Ibsa Koree Dandamachiiftuu Dhaaba A.I.B.O irra kenname. Kan beeku haa yaadatuu, kan hin beeyne haa baratuu, A.I.B.O/IFLOn Farra Ayyaan-Laallattootaa, Abdii sabbontotaa, Qajeelchaa Daandii Walabummaa Oromiyaati.!!! Eargaan Kun lammiilee Oromiyaa kan walabummaa Oromiyaa hawwaniifii qabsaawota AIBO/IFLOf dhaamsa ergaa gammachuu, afeerraa walgahii hatattamaati. Kabajamtoota hoggantootaa fii miseensota akkasuma Deeggartoota AIBO marti bakka jirttanitti afeerraan keenya kan jaallummaa isin haa gayu. Akkuma beekkamu baroota torbaatamoota keessa ABO ykn WBOn dirree bahaa irratti hoogganummaa Sooreysa J/Jaarraa Abbaa Gadaatiin hundeeyfamee ture. Yeroonkun yeroo qabsoon bilisummaa sabootaa gara bahaa, kibba bahaa fi Kaaba itiyoophiyaatti jalqabameedha. Haalli Uumame kun jireenya impeyera itiyoophiyaa sodaa hamaa jala buusee ture. Kanaafiis sabbontonni itiyoophiyaa tooftaa lama lafa kaayanii turan. kuniis 1, Aangoo tabaroo siyaasa afaan qawweetiin dhunfatanii itiyoophiyaa fi itiyoophiyummaa tiiksuudha. 2, Sochii dhaabota bilisummaa Uummataatiif ijaaraman keessa leellestoota itiyoophiyaa galchuudhaan qabsoo bilisummaa sabootaa diiganii galuun habashoota biratti badhaafamuf turan.Mooraa qabsoo bilisummaa diiguun yoo dadhabame achuma turanii mooraa qabsoo waliin dhahuun qabsoo qancarsuurratti bobbaafaman. Bobbaan kun osoo hin dhibaawin mooraa QBO keessa seenee dhaaba ABO raasuu jalqabe. Yeroo sanitti ergaan kun nama hundaaf ifa hin turre.
Sooreysi keenya J/Jaarraa Abbaa Gadaa ergaa murna kanaa sirritti waan hubateef dhaaba keenya AIBO hundeeysuuf murteeffate. Hundeeffamni AIBO\IFLO yaada ergamtoota itiyoophiyaa yeroo saniif harkatti fashaleessee ture. Ifumaafuu maqaa oromoo fii oromiyaatiin bakkuma jiran akka turan taasise. Osoo AIBO\IFLOn hundaa’uu dhabee Leellistoota itiyoophiyaa kan oromummaa fi oromiyatti hin ammanne jidduu rakkoon tokko hin jiru ture. Wanni dirree qabsoorra akka turan isaan godhulleen hin jiru ture.Injifannoon yeroo Jijjiiramaan booda argaman kan akka argama kaartaa ykn (Map) Oromiyaa, dagaaginni Adaa fii afaanii Kun hundi hin argamu ture. Kanaaf hundeeffamni AIBO\IFLO mooraa QBO dhabamaarraa hambisuun seenaa boonsaa galmeeyse. Ammaas taanaan AIBO\ IFLOn waardiyaa ykn Tikha Q.W.Oromiyaati, Luugama hogganootaa kan dhaabbiilee Q.W.Oromiyaati, AIBO\IFLOn baduu jechuun ayyaan laallattootaaf carraa guddaadha. Oolee bulee Q.W.Oromiyaa bakka jirutti akka dhadhaatti baqee baduu jechuudha. Haa tahuu malee baroottan dabran kanatti hanqina hubanno irraa kan ka’e waan alagaan hin dubbatin dubbatanii mooraa AIBO diiguuf ulee soda baay’isaa turan. Garuu AIBO\IFLO akka isaan yaadan sana osoo hintaane dhaaba walabaa kan shoorarkaa baraa kanaan duratti rakkina Ummata Oromiyaatiif qabsaawuu jalqabe dhaaba seeraati. Kanaaf ragaan ummata keenya.Kan biraa bara 1991 yeroo chaartaraa keessatti jidduu keenya kan turan murni jiimii kartar ykn (cater center) fii seera Mootummaa abbaa irree wayyaanee maqaa dhahuun gahaadha. Hundeeffama agoobara ULFO\THBO keeysatti AIBO\IFLOn barcuma miseensummaa heeraa fi seeraan isaaf kenname qaba.
Hundeeffama agoobara ULFO\THBO keeysatti AIBO\IFLOn barcuma miseensummaa heeraa fi seeraan isaaf kenname qaba. Ammaas taanaan miseensummaa dhaaba ULFO\THBO keessatti qabu dhunfatee qabsoo isaa itti fufa. Haala shoorakaa baraa ilaalchisee AIBO\IFLOn akkuma idil addunyaatti cimsee balaaleyfachuun alatti sababni AIBO\IFLOn jeeqamuuf tokkolleen hin jiraatu. Ammaan booda amala diiggaa kan jijjiirraa maqaa AIBO\IFLO fakkeeysanii dandurree ykn daariqa (Virus) dhaaba keenyaan balleeysan yoomii fi Eeysattille eenyuufuu hin hayyamnu. Warren haala kanaan dhaaba keenya AIBO\IFLO gara dhabamaatti Oofaa turan ammaas yaalaa jiru. Isaan kun haala kana hatattamaan dhaabanii gara marii walootti akka deeb’an yaamicha jaallummaa isaaniif dabarsina. Marii kana milkeeysuufiis Koree Qindeeysituu Kora Qabsaawota AIBO\IFLO hundeeysinee ciminaan irratti hojjachaa jirra. Barbaachisummaa kora kanaatti kan amantan hundi yaadaas tahee qeeqa qabdan akka nuuf gumaachitan kajaan isin afeerra. Yeroo fi bakka kora kanaa hubachuu kan barbaaddan toora odeeyfannoo kanaa gadiitiin nu qunnamuu kan dandeeysan tahuu ammumaan isin hubachiifna. Dhiigni Mujaahidoota nubiraa wareegamanii ykn Murtii guutanii nuduraa haamul’atu, jechuhaaun dhaamsa keenya xumurra. Iznii Gooytaatiin Oromiyaan Ni Walaboomti. ! !! Koree Qindeeysituu Kora Qabsaawota AIBO\IFLO. 14 –Nov-2014 Odeeyfannoo dabalataaf E-mail:- iflo.aibo@gmail.com gobeelle12@gmail.com Facebook: – iflo.aibo@gmail.com
NAMNI OROMUMMAAF YAADU GALATA QABA! Namoonni tokko tokko akkaataa itti komatan malee akkaataa itti dinqisiifatan hin beekan. Oromoo fi Oromummaan maal akka taatee fi qabsoon Oromoo garamirraa garam deemaa jirtii warreen irraa quba hin qabneetu qabsaa’ootaa fi qabsoo Oromoo faalleessaa jira. Nama ifiif if baree eenyummaa ifii beekuutu tan namaa dubbata. Garuu Namni ifiifuu if hin beeyne waan dubbatu hin qabu. Namoonni tokko tokko “Oromoon Maali?” Jattee yoo gaafatte warreen deebii hin qabneetu,afaan qaratee nama dhugaa arrabsa. Namni Oromummaaf jedhee hadoodu,namni Oromummaaf jedhee falmatu,namni Oromummaaf jedhee qabsaa’u nama mataa isaatiif osoo hin taane,sabasaatiif dhaamotu. Guyyaa tokkollee ta’u namni sabaaf yaadee waan dhimma saba isaa dalage galata guddaa qaba. Garuu nama akkasii sanitti gufuu ta’uun hamilee wal cabsuudha. Wal komachuu,wal arrabsuufi maqaa wal xureessuun,garayyuu nu hin geessu! Yoo walii gallee,wal dhageenyee,wal kabajnee,wal dandeenye,wal jala bobbaane qofa bakka yaadne geenya. San ta’uu baannaan garuu wanni tarru hin jiru. Xumura irratti jecha Dr.Sheek Mohammed Rashaad Abdullee (Rabbi Rahmata Haa Godhuufii) jedhe tokkoonin xumura. “Manni yoo qaqal’iin qajeelte,yoo dagaleen tolte,yoo utubaan qajeelee tole,manni ni tola. Hoggaa taan ni jallata. Haa tayuu ogeessi mukni jallate je’ee hin darbu. Muka biyya jiruun dallaya jaaran je’anii. Gama inni itti jallate san,mogoleetti suuta dhidhiibee if duuba deebisa.Ammas akka bakka dhawameen saniin hin laafanne,muka qajeelfame kana muka qajeelaa lama jidduu kaayee yookaa dhaabee waliin dagalcha.” ——————————– Maaliif wal komanne maa wal arrabsine? Maqaa wal xureessuu maa aadaa godhanne?
Maqaa wal xureessuu maa aadaa godhanne? Maaliif walin taane wal jala maan yaane? Silaa walii gallee qaata bilisoomne! Kan sabasaa jibbee qabsaawaa arrabsu, Kan hojii godhatee sabboonaa faalleessu, Humaa keessan jiru Ofirraa odeessaa Gurra hin kanninaaf dadhabatee usaa! Oromummaaf jecha wal jala hiriiraa Komii lakkisaa yaadaan wal deeggaraa Nama sabaaf yaadu maqaan balleessinaa Yaadasaa hubadhaa arrabsuun baddinaa Fageessanii yaaduun isiinuu guddinaa Tokkoomanii ka’uun waan yaanne arganna.
IBSA BOORDII OMN IRRAA KENNAME Kabajamtoota Hojjattoota, Miseensootaa fi Deeggartoota OMN Hundaaf, Hogganaa Bordii Oromia Media Network, Dok. Hamzaa Abdurazaaq, dura taa’umaa Boordii OMN, irraa gadidhiisuu isaanii gaddaan isin beeksifna. Hundeeffama OMN irraa eegaluun, Dok. Hamzaan dadhabbii tokko malee dhaabbata kana tajaajilaa turaniiru. Boordiin OMN gaafa Sadaasa 22 bara 2014 walgahii godhateen marii jabaa tokko erga gaggeesseen booda haala gufuuwwan OMNiin mudatan qoratee kan dhiyeessu koree addaa tokko (ad hoc) sagalee guutuudhaan akka dhaabbatu godhee jira. Koreen addaa kun Dok. Hamzaa dabalatee sagalee deeggarsaa miseensoota Boordii guutuu ta’een hundeeffame. Bu’aan qorannoo kanaas gufuuwwan OMNiin mudatan kana gadifageenyaan erga qorateen booda furmaata murteessaa ta’ee fii, dhaabbata kana haalaan gara fulduratti tarkaanfachiisuu danda’u argamsiisuudhaaf. Amaan kana, koreen addaa kun hojii qorannoo isaa jalqabee jira. Oduun hogganummaa gadhisuu Dok. Hamzaa kan dhagahame, walgahiin boordii kun erga taasifameen sa’a muraasa booda. Bordiin OMN, haalaawwan murtii hogganummaa gadidhiisuuttiin irraan isaan gahe ilaalchisee Dok. Hamzaa wajjin yeroo gabaabaa gidduutti mariyachuuf carraa jiru hundatti ni fayyadama. Ibsa kanaanis waan mirkaneessuu barbaannu, koreen addaa kun dirqama isaa haalaan kan bahu ta’uusaati. Bu’aa qorannoo isaas torban muraasa keessatti hawaasaaf ifatti akka beeksisamu abdii guddaa qabna. Haala kana keessatti, miseensootaa fi firoottan OMNiif dhaamsi dabarsinu, yeroo rakkoo akkanaa keessatti, akkuma yeroo kaan gootanitti, tasgabbiidhaan meediya kessan kana (OMN) bifa barbaachisaa ta’e hundaan akka gargaartan isin gaafanna. Galatoomaa.
Galatoomaa. OMN Board of Trustee
Sabboontootaa fi deeggartoonni OMN kanneen odeeffannoo gahaa hin qabne ololaan hamilee cabuu hin qabu. OSOO HIN HUBATIN HIN DUBBATIN! Sirkanan Ahmed irraa Haala waa’ee OMN irratti deemaa jiru ilaalchisee namoonni garii garii osoo addaan hin baafatin maqa-balleessaa fi diigamiinsa OMNf qaawa banaa waan jiran fakkaata. Wal komachuu fi maqaa wal balleessuun furmaanni argamu tokkolleen hin jiru. Waan deemaa jiru irratti yoo gadi fageenyaan hubannoo isii hin qabaanne callisuun irra furmaata tokko. Hanga keessa barree hubannutti. Ka’uumsi jalqabaa gaafa dubbii Hijaabaatiin wal qabattee dubbatamaa turtes, namni osoo ifirraa hin beeyne sagaleen waraabuun raabse sun badii guddaa qaba. Wanni fedhe ta’ee jiraatus yoo dandeettii kan qabaatu ta’e gama keessaan furuuf tattaafatuu qaba malee namoota dhageessisanii muffii nama keessa fiduun sirrii miti. Ahmad Yassin,Kadiro Elemo fi Dr.Hamzaan hojii gad lakkisuun isaanii sababni irraa ka’e wal dhabbii dilas guddattee uumamte osoo hin taane, yaadaan walii galuu dadhabuuni. Dr. Hamzaan gama isaan tarkaanfiin inni fudhate tan Oromoota hunda gaddisiifte turte. Haata’u malee Dr. Hamzaan hanga har’aatti OMN jalatti cichee bakka tanaan gahee jira. Garuu wal gahii taa’an irratti yaadaan wal dhabnaan gad bahee tarkaanfii fudhachuun isaa waan jarjare natti fakkaata. Irra deddeebi’anii osoo amba ifin dhageessisne irratti yoo mari’atanii furmaata fidan irra gaariidha. Dr. Hamza Oromoonni abdii guddaa irraa qabu. Innis kana hubatee if duuba deebi’ee akkuma duraanitti OMN bira dhaabbatee hamilee nu cabxe akka deebisu abdiin qaba. Jawar Mohammad ilaalchisee wanni dubbatamaa jiru,”Isaatu OMN guututti hoogganaa jira” kan jedhu ture. Osoo inni kan hoogganu ta’ee hoo badiin jirtu maali?
Garuu Inni gama isaatiin,hoogganaa akka hin jirree fi hojii itti kennamte qofa akka raawwachaa jiru barreeffama barreessee tureen dubbatee jira. Jawar dhimma Oromoof Oromummaa irratti ifaajee hammana hin jedhamne godhee jira. Gaafa “Oromoo First” kan habashoonni itti duulaa turan obsee ciniinnatee saba isaa abdatee waa meeqa jala dabree saba isaas gammachiise. Bu’uurama OMNf halkanii guyyaa osoo hin jedhin Oromoota miilli isa dhaqqabe hunda bira dhaqee itti waywaatee akka ‘Media’ gad dhaabbannuuf deeggarsa ummataa barbaadaa ture. Ummannis waan danda’uun bira dhaabbatee galii walitti sassaabanii miidiyaan kunis gad dhaabbate. Sababa guddaa ta’ee sabboontoota hedduu dabalatee kan tattaafate Jawar ture. Yoomiyyuu galatoomfamuu qaba. Jawar gama isaatiin, “hamiifi maqa balleessa narratti aggamaman gama olola intarneetii deebisuun dubbi daran hoo’isurra heeraafi seera jiruun koree Boordii dhimma jiru qorattuuf dhaabbattetti kennuu filadheetin jira. Akkuma koreen kun hiree naaf kenneen komiilee narratti ka’an hundaaf deebii nan kenna. Boordiinis gabaasa koree tanaa erga ilaalee booda dhugaa irra gahe ummataaf akka ibsu; tarkaanfii sirreeffamaatis akka fudhatu abdiin qaba. Murtii naafi narratti muramtus fudhachuuf qophiidha. Hammasitti dirqama jaarmaya keessatti naaf laatameefi amaanaa ummataa hojirra oolchuuf, akkuma ammaan duraa, humnaafi murannoo guutunin itti fufa.” Jechuun dubbatee jira. Kunis dhugaa isaati. Olola deemaa jiruuf yoo deebiin kennamte akka daran babal’attu beekee Koreef dabarsuun isaa bilchina guddaadha. Sabboontootaa fi deeggartoonni OMN kanneen odeeffannoo gahaa hin qabne ololaan hamilee cabuu hin qabu. Gama keenyaan hayyootaa fi beeytoota caalaa wanni beeynu hin jiru. Namoota dhimma keenyaaf tattaafataa jiran cinaa dhaabbachuu qabna malee,hamilee tuquu fi Yaada isaanii mormuun sirrii miti.
Namoota dhimma keenyaaf tattaafataa jiran cinaa dhaabbachuu qabna malee,hamilee tuquu fi Yaada isaanii mormuun sirrii miti. Dhugaa jirtu hanga addaan baafannuu jarjaraan maqa-balleessaa irraa if qusachuu qabna. •Xumura irratti dhaamsin ani Oromoota sabboontootaa fi deeggartoota OMN ta’aniif dhaamu, koreen wal gahii isaanii hin xumurre. Rakkoo jirtu furuuf irratti hoojjachaa jiru. Kanaaf nutis hanga isaan waan irra gahan nuuf ibsanii obsaan eeggachuu qabna. Galatoomaa! -Sirkanan Ahmed
Gorsaafin siif himee kunoo sitti gabaa Yoo didde ammoo beeki sumaat itti gaabbaa Kan bahaa fi dhihaa kan kaabaa fi kiibbaa Tokko ta’uu beekii dhiisi mee kijiba.
”Bareedde bareedde jennaan mucayyoon ija bobaafte jedhan” Jidduu kana olola addaa tokkotu oofama; innis Professeroonnii fi Doktoroonni keenyi bu’aa wayiitu akka hin buufne taasisanii namoonni hafarsan ni mul’atu. Dhugaan jiru garuu sabni barate akka ifa aduu akka mul’atu ta’uu isaa beekuun barbaachisaadha. Oromoonni barnootaan sadarkaan isaanii olka’e gosa barnoota walfakkaatuu baratan jedhanii yaaduun mataa isaatiinuu wallaalummaadha. Jawaar kan inni siyaasaa irratti bobba’eef siyaasaa waan baratuuf. Warreen akka Jawaar barnootni isaanii siyaasa ilaallatu haa xiqqaatu haa guddatu bilchina siyaasaa har’a nu keessaa belbeltuuf daandii saaqaniiru. Haa ta’u malee wallaalummaa namoota tokko tokkoo irraa kan ka’e namootni profeserummaa fi doktorummaa qaban dhimmaa siyaasaa irratti bu’aa wayiituu hin fidne jedhanii balaaleffachuun sirrii miti. Nama gosa saayinsii Keemistiriitiin doktorummaa qabu gadi bahii waa’ee sabaa dubbadhu jechuun asiidii fi beezii walitti dabaluun niwutraalii taasisuu jechuudha. Kanaaf, wanti namni kun godhuu dand’u yoo jiraate gama ogummaa isaatiin yoo bakka itti barbaadamu qabaatedha yookiin dinagdee qofaan utubuudha. Dadhabinni hanga yoonaa muldhataa jiru warruma ogummaa siyaasaan beekumsa qabna jedhan irraa kan hafe beektota Oromoo hundaa walitti qabanii bu’aa hin buustan jechuun dogoggora guddaa ta’eetu natti mul’ta. Warreen ogummaa siyaasaa baratanii doktorummaa qaban kanneen akka Dr. Mararaa fi Dr. Nagaasoo irraa waa bartu jedheen yaada. Kanneen biyya ambaa jiraatan ammoo jireenya bu’aa ba’ii biyya ambaa keessa taa’anii yeroo isaanii ummata isaaniif gumaachaatii jiru (Prof. Assefa Jaalataa, Prof. Mohammad Hasan, Prof. Makuria Bulcha, fkkf) hedduun isaanii carraaqqii gurguddoo taasisanii jiran, ittis jiru. Rakkoowwan ummata keenya walakkaatti mul’atan sana irra aanuun dadhabbii guddaa akka gaafatu beekuun barbaachisaadha.
Beektotni keenya kun waggaa hedduudhaaf olola Habashootaa fi galtuu nama keenyaa fuuldura dhaabbachuun qabsoo kana asiin gessisaniiru. Akkasumas rakkoo guddoon biyya ambaa jirtu inni karaa biyya Keeniyaa bahe qabsaa’aa jedhamee akka ilaalamuu fi inni karaa Boolee ba’e ammoo akka qabsaa’aatti hin ilaalamu. Inni kunis rakkoo guddaa uumeera. Namoota gurguddoo hedduu irraa akkan dhagahetti kabajaan akka ilmaan namaatti waliif qabnu erga nurraa mulqamee akka tureeru natti himan. Karaa Boolees haa ba’uu karaa Baalee qabsoon ummata Oromoo kan galma ga’uu danda’u dantaa ummataa yoo dursan qofa. Qabeenyaa barbaadaaf jecha gara biyya ambaatti bahuudhaaf namni tokko kaampii Biyya Keeniyaa keessa yoo waggaa shan ciisee qabsoo Oromoo maqaa dhahatee gara biyya ambaa yaade sanaa kan deemu yoo taate, akka ilaalcha kootti kunis OPDO irraa wanti adda isa taasisu hin jiru. Kana ammoo akka nama tokkootti sagantaa Faana Baqataa kan amma OMN irratti dabarsaa jiran namoonni hordoftan yoo jiraattan waan hedduu madaaluu fi xiinxaluu dandeessu jedheen abdadha. Jarreen fuula gargaraa fi fedhii gara garaa qaban kun guyyaa walgahii irratti dhimma Oromoof walitti dhufan rakkinoonni hedduun akka itti caalan taasisu. Kun ammoo ati waan Oromoo hin beektu ana malee jechuun walkomachuu irra nama geessisee beektota keenya mufachiiseera. Kanaaf, dhimmi keenyi kallattiin kan xiyyeeffachuu qabu itti gaafatamtoota Jaarmayoota siyaasaa irratti ta’uu ibsuun barbaada. Itti gaafatamtootni kunneen hedduun isaanii akkuma Wayyaaneen aangoo gadlakkisuu diddu warri keenyaas aangoo itti fakkateetu maqaa qabsoo kanaan dhaaba irra ciisanii qabsoo kana sakaallaa adda addaaf akka saxilamu taasisaniiru daran akka sakaalamus shakkii guddaa na keessatti uumeera. Rakkoowwaan adda addaa saba keenya keessatti mumuldhatuuf furmaata hatattamaa qiyaafatanii qabsoon sun akka fuulduratti tarkaanfatu taasisuun dirqama sabaa fudhatan sana galma geessisuu qabun jedha.
Rakkoowwaan adda addaa saba keenya keessatti mumuldhatuuf furmaata hatattamaa qiyaafatanii qabsoon sun akka fuulduratti tarkaanfatu taasisuun dirqama sabaa fudhatan sana galma geessisuu qabun jedha. Gabaabumatti, sabni hin baratiin dukkana keessa akka jiraatu biyya Somaaliyaa, Biyyoota Gidduu Galeessa Bahaa fi Biyyoota amantaan walqabsiisanii barnootni ammayyaa hin barbaachisu jedhan keessatti rakkinoota uumamaa jiran madaaluun waan ifa jirudha. Wallaalummaan obboleewwan hedduu akka walwaraansisaa jiru beekuun barbaachisaadha. Kanaaf yeroo darbe durbee biyya Paakistaan umuriin waggaa 17 kan maqaan isiidhaa ”Maalaalaa” jedhamtu daa’immaan gara mana barnootaatti erguun rakkoo isaaniif fala akka ta’u carraaqqii isheen godhaa jirturraa ka’uun badhaasaa ”Nobel Prize,2014” mo’achuun ishee kan yaadatamudha.
Gaafiif deebisaa RSN Hogganaa OMN duraanii Dr. Hamzaa waliin taasise kutaa lammaffaa..
Hawi Olani Kesesa 18/12/2014 Oslo, Norway You can Contact me by the following email address hawiti@yahoo.com or hawiolani@gmail.com
(Ibsa ABO duula diinaan Oromoo irratti baname ilaalchisee) Gurraandhala 13, 2015 (Oromo Liberation Front) — Mootummaan Wayyaanee ummatoota irraan gama dinagdee, siyaasaa fi hawaasummaan miidhaa ol aanaa dhaqqabsiisaa jiru kufaatiin isaa kan hin hafne tahuu caalaatti wayta mirkanaa’ee jiru kanatti abdii kutannaa irraa shira gara garaa hojjatuun bittaa isaa itti fufsiisuuf yaalii ijibbaataa gaggeessaa jira. Ummatoota bittaan nu gahe! Sirni Cunqursaan nurraa haa ka’u! jechuun bifa gara garaan qabsoo adeemsisan kolaasuu fi kan ummatoota irraa deggersa qabu fakkaatee mul’atuuf wixxifannaan adeemsifamaa jirus lammiiwwan Itophiyaa gara garaa addatti ammo lammiilee Oromoo sirnicha baqatuun biyya alaatti argaman irratti kan xiyyeeffate tahuu sochii diinni gochaa jiru irraa hubatama. Lukkeelee diinaa bittoota murna bicuuf riqicha tahanii ummata Oromoo saamuu fi saamsisuu, ajjeesuu fi ajjeesisuu, biyyaa baqachiisuu fi hiisisuu keessatti shoora ol aanaa qaban, ergaa diinaa kana qabatanii biyyoota alaa keessa oggaa laban kan arge isaan taajjabuu irra dabree akka namaatti yaaduu isaanii shakka. Ergamtootni osoo ummatni Oromoo bakka bu’ummaan hin filatiin humnaan bakka bu’aa of taasisan kunneen hin galleef malee kanneen har’a maqaa guddinaa fi misoomaan isa hawwatuuf itti bobba’an kanneenuma kaleessa miidhaa isaanii baqa biyyoota adda addaatti baqatani dha. Kanneen Abbaa fi Haadha, Obbolaa fi firoottan, ilmaan, akkasumas hiriyootni isaanii jalaa ajjeefaman, mana hidhaatti guuramani hiraaraa jirani dha. Wayyaanee dantaa murna bicuuguutuuf jecha ijaaruu irra diiguu, haqa lagatuun kijibaaf dhaabbatu , mirga dimokraasii dhugoomsuu irra bittaa abbaa irrummaa jireessuu, biyya misoomsuu irra deegsuun beekame, mootummaa guddinaa fi misoomaa ti jechuun duulli ergamtoota sirnichaan biyyoota alatti eegalame fudhatama fi deggeraa dhabee bakka dhaqan maratti mormii ol aanaa fi salphina guddaan akka deebi’an taasifameera.
Haa tahu malee salphifamaa fi xiqqeeffamaa harca’aa funaannatuu akka aadaa fi kabajaatti fudhatan lukkeeleen diinaa kunneen, garaa itti nyaatan malee sammuun ittiin yaadan waanitti hin uumamneef mormii irra gahaa jiru danda’aa fi obsaa ergaa diinaa baqataa Oromoon akka gahaniif karoora itti kenname itti fufuuf murteeffatanii jiran. Lukkeeleen diinaa raata’oo kunneen ummatni Oromoos akkuma isaanii akka raata’uuf hojjatan. Akkuma isaanii har’a nyaadhee bullaan ana gaha! jechuun ulfina isaa gurguree akka jiraatu barbaadan. Akkuma isaanii ashkara alagaa tahee biyya isaa irratti alageeffamee jireenya gadadoo fi salphinaa akka jiraatu barbaadu. Waggoota 24 boodallee fedhiin ummataa maal akka tahe hubatuu dadhabu/diduu irraa mirga isaaf falmatuu dhaabee akka harka kennatuuf irratti bobba’uun isaan taajjabsiisa malee ummata ejjannoo isaa hin jijjiirsisu. Kanneen of xiqqeessanii ummata xiqqeessuuf yaalan hin galleef malee ummatni guyyaa irratti of irroomsanii eegalee kan isaan hin deggerre, waliinis hin dhaabbanne tahuu ifatti itti himeera. Mormuun dura dhaabbatee walabummaa fi bilisummaa isaaf falmateera, falmaas jira. Jilli gara garaa muddama qabsoon ummatootaa gooftolii isaanii irraan gahaa jiru jalaa baraaruuf dhiheenya kana dirqama Wayyaanee fudhatuun Awrooppaa, Ameerikaa, Kanadaa fi Austraaliaatti bobba’uun Oromoota biyyoota kanneen keessa qubatan gowwoomsuuf yaalanii taasisaniin salphifamaa akka turan midiyaaleen gabaasaa turan. Jilootni bakka gahan hundatti salphifamaa turan kanneen kan dhagahu hin argatiin malee, lafti mana irratti ijaarratan magaala Finfinneetii isiniif kennama, qabeenya qabdan investment/misooma irra akka oolchitaniif deggersi addaa fi barbaachisu isiniif kennama jechuun waadaa kijibaa tarrisuun hawwataa akka turanis gabaafamaa ture.
Biyyi misoomaa fi guddataa akka jirtu, wal qixxummaan ummatootaa mirkaneeffamuu fi mirgi dimokraasii dagaaguu qaanii malee haa dubbatan malee haalli empaayera Itoophiyaa fi kan ummataa addaan fagoo tahuun hubannaa ummataan ala hin turre. Mootummaa abbaa irreef aangoo isaa turfatuun alatti kan itti mul’atu waan hin jirreef hanga kufutti tikfatuuf dhidhiitatuu hin dhaabu. Waan taheef Wayyaaneen salphina ergamtoota isaa Awrooppaa fi Ameerikaa itti bobbaafate irra gahe irraa barachuu hanqatee baqattoota Oromoo Afriikaa biyyoota gara garaa keessatti argaman irratti karoora bal’aa baasuun akka sossobanii biyyatti deebisaniif, dadhabame ammoo mootummoota of gargaarsisuun biyyatti deebisuu irratti akka hojjataniif ergamtoota isaa bobbaasee jira. Baqattoota Oromoo, Sudaan Kaabaa fi Kibbaa, Kenyaa, Ugaandaa, Jibuutii fi biyyoota birootti argaman kanneeniinis waadaa kijibaa: Haqni bobbaa diinaa kanaan duuba jiru garuu, waldaalee maqaa baqattoota Oromoon ijaaraman diiguun waldaa Itophiyaa jala galchuu, suuraa fi vidiyoolee baqattootaa midiyaa isaanii irratti agarsiifatuun hamilee ummataa biyya keessaa qabsoo irratti finiinsaa jiru cabsuu, baqataa gowwoomsuun biyyatti akka deebi’u taasisuun kanneen hafan galuu danda’u, rakkoon homaatuu irra hin gahu, jechuun golgaa UNHCR irraa argatan akka dhaban taasisuu, Sochii baqattoota Oromoo hordoffii fi to’annoo embaasii Itoophiyaa jala galchuu; hidhaa fi ajjeechaa isaanii jalaa kanneen baafatan biyyatti deebisuun mana hidhaatti darbuu kan akeekkate dha. Sirni heeraa fi seera ofiif tume cabsuun lammiilee seeraa fi murtiin alatti ajjeesu, badiin alatti raga kijibaan hidhaa waggaa dheeraa itti murteessee manneen hidhaa keessatti dararuu fi humna tikaa fi poolisaa amanamoo isaa tahaniin tumsiisaa jiru, misoomaa fi Sirni heeraa fi seera ofiif tume cabsuun lammiilee seeraa fi murtiin alatti ajjeesu, badiin alatti raga kijibaan hidhaa waggaa dheeraa itti murteessee manneen hidhaa keessatti dararuu fi humna tikaa fi poolisaa amanamoo isaa tahaniin tumsiisaa jiru, misoomaa fi guddina, mirga dimokraasii fi namoomaa ilaalchisee ololli adeemsisu kan madaala kaasu miti.
Qabiinsi mirga namoomaa fi mirgi dimokraasii biyyattii maal akka fakkaatu ummatoota biyyattii irra dabree kan alagaan iyyuu kijiba tahuu hubatee dura dhaabbataa jiru tahee jira. Ummatni Oromoo biyya keessaas haa tahu biyya alaa kijiba Wayyaaneen kan hin dagamne tahuu ifatti agarsiisaa jira. Addatti ammo lammiileen Oromoo biyyoota alaa adda addaa keessa jiran ergama diinaa fashalsuun qoodni gumaachan kan Oromoo hunda boonse, ergamtoota diina rifaasise dha. Bobbaa’an jiilota Wayyaaneen baqattoota Oromoo Afriikaa jiran irratti xiyyeeffates akkasuma akka fashalu shakkiin hin jiru. Haa tahu malee haalli biyyoota Afriikaa, akka biyyoota Awroppaa fi Ameerikaa aanjaa kan hin qabne taahuun beekamaa dha. Waan taheef , hawaasni Oromoo biyyoota adda addaa keessatti argamtan obboleeyyaan keenya diinni itti xiyyeeffatuun shira irratti raawwatuuf abuurratee jiru hordofuun miidhaa diinaa akka qolatuu danda’aniif tokkummaan akka cinaa dhaabbattan ABOn yaadachiisa. Midiyaaleen Oromoo fi kanneen haqaaf dhaabbatan kan biros gochaa diinummaa fi farra namoomaa baqattoota Oromoo irratti xiyyeeffate kana saaxiluun garee haqaaf dhaabbatan tahuu akka mirkaneessitan ABOn waamicha isaa isiniif dabarsa. Akkasumas jarmiyaaleen kabajaa mirga namaaf dhaabattan duula mirga baqattoota Oromoo ukkaamsu Wayyaaneen itti jiru akka hin milkoofne taasisuuf tumsa barbaachisu akka gootan waamicha isaa dabarsa. Shirri diinaan Qabsoo bilisummaa Oromoo irratti raawwatamu qabsoo caalaatti finiinsa malee hin laaffisu. Kanaaf lammiileen Oromoo biyya keessaaf alaa bittaa Wayyaanee gateettii ummataa irraa buusuuf qabsoo bilisummaa caalaatti finiinsuun gaaffii yeroo tahuu hubannee tokkummaan haa kaanu. Injifannoo Ummata Oromoof! Adda Bilisummaa Oromoo Gurraandhala, 13, 2015 Source: Oromo Liberation Front
Adda Bilisummaa Oromoo Gurraandhala, 13, 2015 Source: Oromo Liberation Front
Akka waan Oromoof loltanii Jeneraala isiniin jennee Diina Oromiyaa irraa kaaftanii Nu isinii hin-kenninee Dhaaduu teessan hoongoftuu Kunoo itti saalfanne! Iyyinee iyya labsinee Dhiya’rraa haga Bariitti Kaaba’rraa haga Kibbaatti Akka Loon boojjii fedhuu Daanee isin jala yaanee Lolee lolchiisaa, farra diinaa Arganne jennee qoma dhiibnee Adaa wonti kijibaa Kunoo itti saalfanne! Dhaamsa gootota teennaa Yaboo isinitti kenninee Akka waatii lowwanii Handarandhee Dirree keessa gulufnee Gibaata bantan seenee Yaboo goototaa nyaattanii Xophiyaaf dhaabattanii Lafee goototaa gantan! Tigireen woltaatanii Sanyii Oromo’o gabaabsitanii Falmataa fi Falmattuu Riphee-lolaa rakkiftanii Cabbiin mataa haaddanii Akka korbeessa re’ee Cidhaa isaa tumtanii Sangoomsitanii Aradda’aa buqqiftanii Kosii isaa gubdanii Biyya isaa irratti Kadhatee-bulaa Kajeellataa Dhokatee-jiraataa Mataa gadi-qabataa Gootanii, goosiftanii Haga funyaanii hidhattanii Mee malumaan gootan? Oromoo shororkeessuudhan Abbaa worraa hidhuudhan Yoo feetan ajjeesuudhan Durbaa-Dubartii gudeeddanii Kufaatii Oromootiin Kabajaa tulattanii Oromoota miidhuudhaan Jeneraallummaa argattan! Bakka jirtanii nutti yaatanii Riphee-lolaa lagattanii Kuta’aan nu qoddanii Wol-shakkii biqilchitanii Kunillee isin hanqanaan WBO abdii keenna Midhaanii bishaan dhoggatanii Diinatti nurraa galchitan! Ergaa deemtu mo’o baqa dhuftan? Oromoota sobdanii Mallayyoo garsiiftanii Sabaaf dhukkufataa fakkatanii imimmaan Nachaa boottanii Hamileen Oromo’oo cabde seetanii Gaafa dhaamsa goototaa Adaa kolfaa turtanii? Ayyaanni Oromoo guddaan Kakuun isa-kaleessaa Rabbi dhugaa h’dagatuu Ammaa isin balleessaa Waandhi Gurraachii keenna Dhugaa malee maal tissaa!
Ayyaanni Oromoo guddaan Kakuun isa-kaleessaa Rabbi dhugaa h’dagatuu Ammaa isin balleessaa Waandhi Gurraachii keenna Dhugaa malee maal tissaa! Aduun dhiitee hinhaftuu Oromoofis hinbariitii Furtuun rakkoo Oromoo Ginbot 7nii miti Saba dhamaasuu yaaltu Ufii dhamaataniitii! Lafeen gootota teennaa Uduu isin gaafattee Akkana jettee: “ilmaan tiyya isin seehee Haati tessan bargaafattee Bakka isiin hinmalle dhaxxee Diina irraa isin fiddee? Garuu ana hinfakkatanii Ana taatu wakkatanii Abashiffoo ajooftanii Himaa bakka’rraa dhalatani! Adaa narraa hin dhalannee Gudeeda kiyya’rraa hinbaane” “Badi ati! Hobbaatii taatee h’haftuu Qumaantaa ka dhalattu Kan maqaa kiyyaa nyaattu Kan mata-gala galtu Kan biyyaa-biyyee gantu Akka waan goota taatee Maqaa kiyyaan awwaattu” “Badi ati! Sidhalche naffakkatee Dubartiif sardoo qabnee Asiif achi utaltee Bakka hintaane aseentee Diina’rra si funaannatee? Sanyii Oromoo si seetee Haati tee ta si dheette Dhaamsa sitti dhaammate Akkana jettee: Zinnaaraan mudhii hidhu Saba keetiif falmadhu Oromiyaa Wolaboomsii Ruufa “UN” kessatti fannisii Mataa ol nu qabachiisii Motummoota “UN” kessatti Barcumaa nu raggaasisi! Innuu duruu na shakka Fuulaan isa hin fakkattu Qumaantaa kankee argaa Maqaa kiyya na nyaatin Bakka sifidee h’himin Diina woliin hin oolin Diinaaf golgaa hin ta’in Lallabdee h’saaxilamin]” Akkas siin jette haatee Haadha dhaltee, si woliin rakkatte Akka si gootu dhabde isiin nama si seete Goota itti fakkatte Dhalee sii gudunfite Duulaaf si bobbafatte Biyyeen ana ha nyaattuu Dhaamsa jannaa sii dhaamte Oromummaa sii laatte Ati uf irratti wollaalte” Itiin fuufa Bullo
LAFEE OROMOO CACCABSITEE NYAATAA? * Taammanaa Bitimaa irraa Jalqabaaf bakka jirru marattuu walagayii fi hiriiratti gadi haa yaanu! Lakkii, ishiin namoonni keenya tokko tokko waan hundumaa beellama kennuun gara boruutti dabarsan, “ennaa Oromiyaan bilisoomte furmaata argata“, nuun jedhan kun gonkumaa hin tahu. Wanneen akkanaa kanatti xiyyeefannee tarkaanfachuun, sirumaa qabsoo saba keenyaa akka jabeeffachaa deemnu nu taasisa malee, kan isa laaffisuu miti! Akkuma yommuu leellisaa Minilik, Teedii Afroo fi warra Biiraa Baddallee irratti olkaane san kana irrattis bobbawuu qabna! Dabaleesoo, ishiin qaruuteewwan warra Wayyaanee: “Magaalaawwan naannoo Finfinnee Shaggar guddisuu fi misoomsuufi” nuun jedhan, dubbii sobaati. Uummata keenya qeyee fi araddaa isaa irraa buqqisaa, aadaa fi afaan keenya balleessuun kan warra abbaa qawwee bakka-buusaa, namaa-sa’a, lafaa-muka summeessaa, barbadeessaa guddinnii fi misoomni wayiituu hin jiru. Kun biyyee fi biyya Oromooamaaromsuu isa lammaffaati! Kun biyya duubatti-hafaa fi warra duubatti-hafaan kan adeemsifamu malee, biyyoota qaroomina ammayyaatiin tarkaanfatan keessatti magaalaawwan guguddoon isaan xixiqqoo hin liqimsani, hin alkafatani. Fakkeenyaaf magaalmataa Biyya Jarmanii, Barliin ishiin amma keessa taa’ee waraqaa tana shalalu, naannoo ishii magaalattiiwwan xixiqqoo hanga: Duukam, Daalattii (“Alamganaa“), Sabata, Buraayyuu, Koloboo (“Mannaagashaa“), Aqaaqii Basaqaa, Qilinxoo, Sandaafa, Laga Xaafoo, Bakkee, Caancoo fi Sululta faa hin geenye 20 oltu jiru. Motummaan Jarmanii mootummaa qaroomee fi dimokiraatawaa waan taheef, magaalattiiwwan kanneen Barliin jala galchuuf hin aggaamu.
Yoo tasa aggaamee immoo uummata naannoo tanaa callaa otoo hin taane, Jarman guututuu itti-ka’uun aangoo irraa isa buusa. Biyyoota qarooman kanneen keessatti magaalaawwan xixiqqootu filatama; jaalatama. Walittii qabiitii summeessin kun kan warra duubatti-hafoo akka warra Habashaa kanaati. Innin waayee Barliin irratti jedhe kun Roomaa fi Paaris, Osloo fi London faafis kan tahu. Kanaafuu, nuti uummata keenya fi Oromiyaa teenya summii fi xurii, diiguu fi mancaasuu warra abbaa mancaas jalaa oolchuuf, alaa-manaa oljennee mee haa tarkaanfannu! Mee iyyinee iyya haa dabarsinu! Lafa, lafee Oromoo Qaama sabaa kan qomoo Biyyee, Biyya Oromoo Dachee sabaa kan Qomoo Maaf irra dannabsa Maalumaaf caccabsa? Lafatoo saamamee Lafeetoo raamamee Biyyeetu summeeffamee Biyyatu guuyyeffamee Anoo kanaafan iyyaa Na dhagayi yaa biyya! Jarri gaaraa dhufe Kan roorroo itti-fufe Warri abbaa qawwee Nutti ta’e jawwee! Nutti ta’ee jawwee Hundumaa dhudha’aa Nu duguuguuf hawwee Hundumaa qusa’aa! Inni sodaa Waaqaan beeku Homaa safuu biyyaan eegu Odaa-dha mummura Awwaala gurgura Aayyoo-dha garafa Aabboo-dha wacafa Kichuu keenyammoo soqola Namummaa keenyaso fonqola! Lafa keenya irratti Lafee teenya caccabsee Biyyee teenya irratti Saba keenya daddabsee Gabroota nu godhatee Olii-gad nu unkura Awwaala akkilee-llee Gabaa baasee gurgura! Laftoo lafee teenyaa Kan irratti dhalannu Kan irratti awwaalamnu Yaa WAAQ maalumaafi Kan irratti waadamnu? Innis ilmoo namaa Nutis ilmoo namaa Dacheerraa duguuguuf Maaliif nutti gamaa? Isas Waaqatoo uumee Nuyis Waaqatoo uumee Inni maaf nu gabroomfata Ofii-saan of-shuumee?
Dirra Oromoo madeessitee dhaantaa? Lafee Oromoo caccabsitee nyaattaa? Lafa Oromoo qiqircattee saamtaa? Handhuuraa saba-koo ol-harattee baattaa? Xiqqaa-guddaa keenya garaftee waaddaa? Uummmata-koo jiraa-saallee awwaaltaa? Laggeen summeessitee Gandeen bulleessitee Dubbii bukeessitee Garaa-kee kan bineensaa Kan namaa fakkeessita Sammuu-kee isa iyyeessa Kan gamnaa fakkeessita! Qawwee fi beelaan biyya keenya lixxee Joollee fi manguddoo waaddachuun fixxee Kunoo, amma awwaallan abbilee Maarree, kaabbaawwan aayyilee Gurgurachuun horoosaa raamta Lafee namas caccabsitee nyaatta! Coqorsa ciccirtee Coqortuu diddirtee Jaarsa gadamoojjii hiitee-woo garaftaa Jaartii warra-moodii huutee-too wacaftaa! Siiqqee caccabsita Dhugaa daddabsita Yeeyyiitti hirkattee Lafee teenya caccabsatta Alatti hiixattee Lafa keenya gadabsatta! Kunoo, Oromiyaa teenya Gabaa addunyaa baaftee gurgurta Ilaa, Oromoo fi Kuush keenya Eeleerratti baaftee guggubda! Mee-yaa uummata-koo Uumee-too saba-koo Hamma yoomiitti waadamaa jiraatta Hanga hammamiitti dhaanamaa gixaanta? Abboo silaa duuti hin ooluu Maleekanillee kana achin qoluu Akka abbootii keetii hidhaddhuu gadbayi Akka haadhotii teetii siiqqedhaan olka’i Yeeyyota alaa-manaa Qaltuu sa’aa-namaa Gubduu margaa-mukaa Awwaaltuu namaa-dhugaa Ka’iitii asii fi achi bittimsi Darbaddhuutii ofirraa figgimsi! Hayyee gaye, gaye Ilaa gaye, gaye Olka’ii tokkummaa-kee cimsi Gadbayii diina-kee bittimsi Walatayii gabrummaa dhidhimsi! Akka lamuun deebineef Dhidhimsii fageessi Akkan bayyananneef Irree-kee jabeessi Jabeessii ofirraa qoladdhu Cimsii mirga-keef loladdhu!
Akka lamuun deebineef Dhidhimsii fageessi Akkan bayyananneef Irree-kee jabeessi Jabeessii ofirraa qoladdhu Cimsii mirga-keef loladdhu! Olka’ii tokkummaa-kee cimsi Gadbayii diina-kee bittimsi Walatayii gabrummaa dhidhimsi Eekaa, dhidhimsii fageessi Dachee Abbaa Gadaarraa Biyya warra odaarraa Gabrummaa balleessi! Awwaala gabrummaa-rratti Kosii roorroo gubbaatti Republika Gadaa tolchii hundeeffaddhu Dhiigaa-lafee keenyaan bu’ur-jabeeffaddhu! Barliin – 10. 05. 11 ************ Hubachiisa Miiljalee ************ * Walaloon kun mee miseensota qutee-bulaa Oromoo fi warra Gambeellaa, isaan qeyee fi gandeen ofii irraa buqqifamaniif mararfannoo fi biradhaabannoo haa tahu! Akkanuma uummata obbolaa keenyaa, Somaalota Ogaadeen warra gabroomfattoonni Habashaa rasaasaa fi beelaan fixaa jiraniif, mararfannoo fi biradhaabannoo haa tahu!
اقامت جالية ابناء اورومو بالقاهرةحفلا كبيرا بمناسبة يوم الشهدء الاورومو بمقر الاولومبى الرياضى فى المعادى يوم الخميس 24// 4/2014 هذا الحفل الذى بدء بالدعاء الى الله ان يرحم شهدء الامة الذين الذىن ضحوا بارواحهم دفاعا فى سبيل حرية شعب اورومو الكبير … وبعد وجه رئيس جالية ابناء اورومو فى القاهرة السيد محمد زين محمد كلمة بهذه المناسبة الى المجتمعين والضيوف مذكرا اياهم بفضل هذا اليوم
Godina Adda Oromiyaa Finfinnetti dabaluun Heeraa Ethiopia diggudha. Getachew Jigi Demekssa PhD/ Daangan Finfinnee Kara Finfinne Marsuu (Ring) ala ba’uu hin qabu Finfinneen ol gudachuu qabdi malee dalga gudachuu hin qabdu. Oromoon yeroo samamu caalisee ilaaluu hin qabu. Mootumma Ethiopia Keyata 49 lakkoobsa 5 irratti Finfinnen waan Oromiyyaa keessa jirtu fi lafa Oromoo waan tateef Tajaajila fi dhiyeesii hunda Oromiyyaa irra waan argatuuf Oromiyyaan Finfinne irratti mirga qabdu fi fayiidaa isheen argachuu qabdu kun ammoo balinan seeran mirkana’af jeedha. Kun Heera biyyatti olanaa fi waan seera birran hin jijjiramnedha. Uummatoota biyyatti qoofatuu heera kana jijjiru danda’a. Oromiyyaan Mirga fi fayiida Finfinnee irra argachuu qabu Heera Federalan keyata 49 lakobsa 5 irratti keename waggoota 23 guutuu utuu hojii irra hin oliin turun isaan dadhabina OPDO fi Tufii TPLF OPDO irratti qabdu argisiisa. Oromoon mirga isaa Heera Federala mirkana’e kana falmachaa jira. Mootummaan Heera kana halaa dure tokko male hojii irra olchuu qaba ture. Lamaffaan Heera Federalan Dangan Oromiyyaa Sararame Kabajamu qaba. Federalii lafa Naannolee fudhachu hin danda’u, lafti kan Uummataa fi mootummoota naannooti. Heera kana alaa mootummaa Nannoo irra lafa kurmana tokko ilee fudhachuu weerara ykn Heera cabsuu dha. Oromoon lafa isaa akka barbadetti yeroo barbadetti misommsuuf mirga qaba. Mirga Oromoo kana cabsuun Danga fi heera federala cabsuun Godina Aaddaa Oromiyyaa gara Finfinneeti kuutun Heera Fedrala Ethiopia diggudha. Kana malee Mootumman Federla lafa hin qabuu. Mootummaa Nannooleetu waligalten Federala hundese busii Mootummaa Naannoolen jirachuu qaba. Federali lafa Nannoolee irratti mirga hin qabu. Lafa ykn Magaala Federala kan jeedhu Adunya irra hin jiru.
Finfinneen wagoota 130 hunda darban keessatti kan babalate Hektara 54 qoofa kan qabate yemuu ta’uu. Master Plani amma kana ammoo Godina Addaa Oromiyyaa irra Hektara Milliona 1.1 (1, 100,000 Hektar) yeroo tokkon fudhachuun lafa kana gurgurachuuf yaadameeti immoo Oromiyyaa misommsuuf yaadameeti? Kayoon Master Plan kana Uummata Oromoo milliona 5.7 buqisun, Aannoolee 17 Magaaloota 36 dhabamisisun lafa hektara milliona 1.1 gidugalessa Oromiyyaa dhuunfachudha. Afaan Oromoo fi Addaa Oromoo Naannoo sun irra baleessan akkuma Finfinnee amma kana goochudha. Utuu dhuguma mirga Oromoo egan ta’e, 1ffaa Kuutaale Magaaloota 10 fi Aanalee Finfinnee 116 keessatti Mana barumsa Afaan Oromoon banuu turan. Fayidaa Oromiyyaan Finfinnee irra argatuu mirkaneesu turan. Gidugalessa Aadaa fi Afaan Oromoo Finfinneeti banuu turan. Afaan Oromoo Afaan hojii Finfinnee goodhu turan. Hojeetan Nannoo Oromiyyaa Finfinne keessatti dursa akka argatu goodhu turan. Waajjiralee Oromiyyaa Finfinnee keessa Gamoo mootummati kafalti tokko malee akka fayadaman goodhu turan. Kun hundi waggoota 23 kana keessatti hin goodhamnee. Oromiyyaan Xurii fi Summii Finfinnee keessa dhagala’uun badaa jirtti. Oromoon hundi kana beekee fi xinxalee falmachuu qaba. Miseensoon OPDO tokko tokko falamii isaan dhagesisaa jiran kan nama boonsuu yemuu ta’uu. Kara birra ammoo Yeroo Tigiren Lafa Oromoo Godina Aaddaa Oromiyyaa fudhachuf dhadatuu, Oromoon akkamitti caalisee Galee mana rafa?. OPDOn (Abdulazizi Mohamad, Abdulqadirii Husen, Diriba Kuma fi Dhaabbaa Dabale) kan beekuu qaban, Kiyata 49 lak.5 irratti Oromiyyaan Finfinnee irra Fayiida argachuu qabdi kan jeedhu Oromiyyaaf erga Heeran mirkana’ee waggoota 23 Finfinnee irra mal argate?
Oromiyyaan Mallaaqaa Finfinnee irra argatee qabdi? Ijjoollen Oromoo finfinnee keessatti Afaan isaanin baraacha jiruu? Finfinneen Oromiyyaa irraa Bishan, Ibsa, fi Muka argatuuf mal kafala jirti? Xuriin Finfinnee keessa Oromiyyatti gadi ya’ee Oromiyya Baleessa jiruf Finfinnen Beenya hangam kafalte? OPDOn mirga Oromoo Kabachiisan jira jeedhu Oromiyyaan mirga isheen Finfinnee irratti qabduu maliif hin kabachiifne?, Finfiineen duguma Magaaloota kana misommsuuf yaadeti moo Wayyanetu lafa Naannoo kana samee gugurachuufi? Eeyama uummataa Oromoo male, marii Caffee Oromoiyyaa male xalayadhan lafa Oromoo fudhachuun uummaticha tufachuu miti? Fayiidan Oromiyyaan Finfinnee irra argachuu qabdu waggoota 23 dhorkatamee utuu deebi hin argatin Godina Aadda Oromiyya walin misoommsu irra Oromiyyaan atamiin fayida argati? Maliif akkuma Horii nama gowomsuu yaaluu? Kun deebi argachu qaba. Oromiyyaan Fayidan isheen finfinnee irra argachuu qabdu mal ta’uu qaba gaafi jeedhu deebi gagababa yaada isaa ibsuu qabna, fayidaleen kun fakeenyaf:- 1. Xuurii fi Suumii waggoota 100 ol Oromiyyaatti dhangla’a turef Oromiyyaan beenya argachuu qabdi, 2. Oromiyyaan Galii Finfiineen waggatti argatuu keessa harka 40% argachuu ykn qoodachuu qabdi, 3. Finfinneen Kutalee Magaaloota 10(Kifile Katama) fi Aannalee 116 keessatti Mana Barumsa kutaa 1-12 afaan Oromoo ijjoolen Oromoo itti baratan ijartee barsisa itti qacaruun mirga Oromoon lafa isaa irratti afaan isaan baraachuu akka argatu mirkaneesuu qabdi; 4. Waajjiralee Oromiyyaa Finfinnee keessa jira Maneen Mootummaa Finfinnee keessa jiruti tola itti fayadamuu qabu, yoo ijarachuu barbadan ammoo Giduu galeessa Finfinnee keessatti bakka barbaadan lafa tola fudhatani akka ijjaratan mirga guutuu fi dursa argachuu qabu, 5.
Waajjiralee Finfinnee hunda keessatti fi mana murtii keessatti Afaan Oromoo Afaan hojii isaa 1ffan akka ta’u goochu, 6. Hojeetaleen Oromiyyaa Finfinneetti qacaramuu fi ykn ammoo Oromiyyaa irraa jijjiraran gara Finfiinee argachuuf seeran dursa akka argatan goochu, 7. Radion danbalii Gababan(FM) Finfinnee keessatti afaan Oromoon akka tamsasu, 8. Finfinnee Gammo Aadda, Afaan ,Muzeyem fi bakka argisisa Aadda fi seena giidu galaa tokko Oromiyyaaf ijjaruu qabdi, 9. Dangaan Finfinnee Balini ishee sadarka gaafa Heeri Federalan tummame jeechun kara Gengoo (Qubela) Finfinne marsee kanan akka dangeefamtu, 10. Kanan booda Xurii fi Summin kami iyuu laga Oromiyyaa yoo dhagala’ee badii ga’uuf ittigaafatama fuudhachu, 11. Alaban Oromiyyaa Waajjiralee Finfinnee hunda birrati akka dhabatuu goochu, 12. Kan Kana Fafakatan fayiidan Oromiyyaan Finfiinnee irraa argachuu qabdu dhorkatamte jirti. Waggoota 100 ol Oromiyyaan Finfinnee Bishan Qulqulu Obaftee, Muki Nannoo Finfinnee Qooran ta’e finfinnee tajjajile dhumee, Ibsa Finfinnee Oromiyyaatu madisisa, biyoo fi dhagaan nannoo Oromiyyaa Finfinnee fayada jira. Oromiyyaan bishan qulquluu Finfinnee Obasa jirtu Finfinnee irra kan argatuu garuu Sumii fi Xurii warsha fi Hosptaloota qoofa. Waan birran hafnan Hojjetoon Mootummaa Nannoo Oromiyyaa Magaala Finfinneetti akka hin qacaramne ykn akka jijjira hin arganee ajaaja Tafara Waluwa fi Kuma Damaqisan waggoota 23 ol dorkamee jira. Waajjirleen Oromiyyaa Gamoo Finfinnee keessa hunda basii gudaa kafaluuf, waajjira Mootumma fi Ortodoks Ethiopia keessa dirqaman ari’aman akka mana dhunfa kireefatan goodhamuu.
Bajeeta waajjiralee heedun kafalti kiira manatti dhuma. Finfinnen Fara Oromiyyaa dalaga jirti malee Oromiyyaa misoommsuuf akka hin yaane beekamuu qaba. Finfinneen akkuma Magaloota Aadunya Gamoo gurguda ijjaruun fi manen duloman diigun Mana jireenya amayaa ijjarun gara samitti ol gudachuu qabdi. Kana malee uummataa lafa irra buqisun caalisan babalisun balaa heedduu qaba. Dogoggora bara durbe itti dabala adeemudha. Finfinneen seeran ala babalaacha jiru kun bala gudaa gesisa jira, uummanii nannoo seeran ala buqa’e qe’ee isaa dhabee dhagga bacha jira. Uummanii kun mana jireenya dhabee, maatiin isaa digamee, Eenyumaa isaa, addaa, afaan isaa dhaba jira. Kan falmacha jiru lafa qoofadhaf utuu hin tane Uummata Shawwa Oromoo siirna dhufa darban buqa’aa jiru kana bararuudhaf. Finfiinnee fi Federalii Oromiyyaa irratti murteesuf mirga tokko ilee hin qaban. Finfinnee fi Federala irratti mirga kan qabuu Oromiyyaa dha. Oromiyyaan Godina Addaa Oromiyyan waggoota meqaa Misoommisaa ba’ee Finfinneef keenina jeechun hangam Oromoo Tufachudha? Dargaggoon Oromoo fi Uummani Oromoo guutun dhimmaa kana irratti yoo caaliftan Oromoo dha ofin hin jeedhina. Kalessa Naannoo Finfinnee uummatti jiru harki 95% qoonan bula ture, harraa harki 63% egiduu qabeenya Tigire Wardiya (Guard) yamuu ta’uu, harki 30 ammoo Tigiroota naannichatti mana ijjaratanfi dhagga akka batuu raggaan achi irra arganee ni mulisa. Haaluma kanan Oromoon naannoo Laga Lafto /Laga dadhi, Alemgana-Sabata, Burayu-Ashewa Mada, Labu-Lafto fi Aqaqi Basaqa buqa’aan Eenyuma isaan dhabani jiru. Finfinneen kanan dura gaafa Qaliti humnan Oromiyyaa irra fudhatuu qabeenya Oromiyyaan Qabu fi Misoomma Oromiyyaan achi irratti geggesa turef beenya tokko ilee utuu hin basin irra fudhate ammas akkas goochuuf deemu, kana Oromoo hundi dura dhabachun falmachuu qaba.
1. Mirga Oromiyyaan Fifinnee irratti argachuu qabduu Qooratamee akka hojii irra oluu Oromiyyan bara 2003/1995 koree tokko hundese ture, koree kana keessa wara jiran kessa Dhaabba Dabalee, Ittigaafatama waajjira Dargaggoota yeroosi fi Jamal Abaso kkf koreen ijaramee hojiin isaa hanga ammatii maliif hin xumuramne? Wagga 5 dura seeri hangi tokko qoopha’ee ilee hojii irra hin olee. Oromiyyaa mirga ishee gaafatee deebi dhabdee? Kun Uummata Oromoof malif ifaa hin godhamnee? Kun dura Murte atatama barbaada. Fayiidan sun Kafalamu qaba. 2. Finfinnee keessatti Kutaa Magaaloota 10 keessatti fi Aanalee 116 hunda keessatti mani barumsaa Afaan Oromoo banamee akka ijjoolleen Oromoo Afaan isaanin baratan karoorii fi sagantan ba’e Ittiaanan Mootumma Naannoo Oromiyya yeroosi obbo Dagafee Bulaa bu’uura isaa Eebban banani turani garuu ijoollee Oromoof hanga amma mani barumsa Aanalee Finfinnee tokko keessatti ilee hin banamne malifi? Ijoolleen Oromoo lafa isaan Finfinnee irratti afaan isaanin barachuu dhabuun malifi? kana siirresun dirqama OPDO miti? Kun Haala duree tokko malee hojii irra oluu qaba. 3. Mirga Oromiyyaan Finfinne irratti qabachuu qabdu Heera Federala Ethiopian murta’ee TPLF hojii irra olchuu didee wagoota 23 ukamsee jira. Kun akka Hojii irra oluu Miseensoon Paarlamaa OPDO malifi hin goone? Bakka Mirgi Oromoo hin egaminitti, lafa Oromoo samuu fi Oromoo buqisuu irratti mari’atamu hin qabu, Finfinneen Kara Gengoo ykn Kara Qubela Finfinee marsitu ala ba’uu hin qabdu. 4. Finfinnee keessa xurii fi summin laga Oromiyyaatii gadii dhangala’ee ijjoollee Oromoo fixaa jiru atataman dhabachuu qaba. Waggoota 100f xurii fi Summi Oromiyyaatii dhagala’ee uummataa fi qabeenya naannoo baleesef Finfinneen Beenya Billioona 100 kafaluu qabdi.
5. Waajjiralee Oromiyyaa Finfinne keessa jiran Waajjira Mootummatti basii tokko malee fayadamuu qabu. Bakka Barbaadan Giduugalessa magaalaatti bakka waajjiralee itti ijaratan tola argachuu qabu. 6. Waggoota 23 mirgi Finfinne irra Oromiyyaan qabaachuu qabdu seeran mirkana’ee utuu hojii irra hin oliin dabalatan lafa Oromoo Goodina Adda Oromiyya Finfinne jala akka oluu gaafachuun tufii Tigiren Oromoof qabduu miti? Kana Abdulazizifaa attamiin fudhatani seena hin sodatani? Miseensoon OPDO Millioon 4 yeroo Oromoon samamuu caalisee ilaalu fi Uummataa isaa ukamsee ta’uun siiridha?. Kanaafuu Oromiyyaan qoofa ishee Goodina Adda Oromiyyaa irratti Master Plan Mataa ishee fayadamete uummataa ishee gudiisuf mirga gutuu qabdi. 7. Uummani Oromoo fi Dargaggoon Oromoo yeroo Tigiren lafaa Oromoo humnan fudhatu caalisun maliifi? Waggaa meeqa sodacha jiratuu? Baratoon Oromoo Godina adda kana keessa jiran Tigire achii ari’uu hin danda’ani? Hanga yoomiti gadii guguuftani diina jala adeemtuu?. Kanaafuu murteen Eeyyama Oromoo malee murtata’ee kun akka dhabatuu dargaggoon dura dhabachuu qabu, wareegamaaf of qoophesuu qabu. 8. Diasporan ala jiru akka Bedele Biraa irratti Petition Mallateese mormii isaa argisise kana irrattis Petition Mallateesun Moormii isaa argisisu qaba, yakka Wayyane kana biyya jiru fi Motummoota Adunyaa hunda biratti iyyachuu qaba. 9. Dhabbilen siyyassaa Oromoo hundi dhimmaa kana irratti mormii isaan ibsa basuun mulisuu qabu. Dhaabileen Oromoo caalisuu hin qaban. Falmii fi lola uummani lafa isaa irratti goodhu ciina dhabachuu qabu. 10. Oromiyyaan Goodina Addaa kana kan Misoommsa turte, Ashura naannoo kana irra argatun uummataa Nannoo kanaaf Addaa fi afaan isaa ittin gudisuuf malee misoommsite Tigiref lachuuf miti, amma garu Tigiren jalatanis jibitanis isin irra fudhana jeedhe yeroo falmu arga fi dhaga’aa jira, oftuluma Tigire kana warii nu irra ka’an OPDOn of irra buqisuu qabu.Ummani Oromoo TPLF of irra darbachuu qaba.
11. Finfinneen qabiyeen ishee durani Kara Gengoon Marsuu keessa qoofa ammas achi ala ba’uu hin qabdu, Finfinneen gudachuu qabdi warii jeedhan Finfinnee dalgaa gudachuu utuu hin tane ol gudachuu qabdi, Gammoo dheedheera ijaruun Waajjiralee walitti qabun bakka gammoo gurgudatti galchuun rakkon furama malee qotatee bula buqisun ta’uu hin qabu, OPDOn fi Uummanii Oromoo kana falmachuu qaba. 12. Master Plan bafaatan lafa Hektara Millioona 1.1 lafa hanga gudatuu humnan fudhachuun Heera Federla Ethiopia diiggu dha. Kanaafuu siirn Wayyane TPLF wagoota darban lafa Oromoo kukute naannoole birratti dabala ture fi lafa Oromiyyaa Investeroota biyaa alatiif late seera qabessa waan hin tanefi gara fulaa duratti uummata Oromoof akka deebi’u TPLF beekuu qaba. 13. Oromoon Heera Federlan Fayida Argachuu qabdu waggoota 23 erga dhowatamete Finfinneen Oromiyyaa jalati bulu qabdi. 14. Wa’ee Godina Adda Oromiyyaa irratti Federlii gaafi tokko ilee dhiyeesun Oromoo irratti lola labsuu fi Heera waliin bulmata diiguu waan ta’eeef Oromiyyaan Hiree of ofiin murtefachuuf dirqamiti. 15. Finfinnee waliin gudiisuuf kan jeedhamuu Soba fi oduu siyyassaa bu’a hin qabne wayyaneen odeesitu dha, isaan kanan qabatan lafa Oromoo fudhani Tigiref hiruuf jeedhanti Uummanni Oromoo biyya keessa fi biyya ala jiru dhimma kana irratti hiriira nagaa gochun falmachuu qaba, Media hunda irratti iyyata bareesuun wal dadamaqisee Petition mormii mallateesun dura dhabachuu qaba, Konkoolata Finfinne dha ba’uu fi galuu yabachuu dhisuu qaba, Konkoolata kan Oromoo ta’aanfi Gabatee ORO qaban qoofa fayadamuu qaba, Habashoota naannoo sun qubatan irra bituu fi itti gurguruu dhisuu qaba, Hotela, Mana Barumsa, Suuqi, Takisi, Habashoota fi kkf hund fayadamuu dhisuu qaba.
Finfinnee waliin gudiisuuf kan jeedhamuu Soba fi oduu siyyassaa bu’a hin qabne wayyaneen odeesitu dha, isaan kanan qabatan lafa Oromoo fudhani Tigiref hiruuf jeedhanti Uummanni Oromoo biyya keessa fi biyya ala jiru dhimma kana irratti hiriira nagaa gochun falmachuu qaba, Media hunda irratti iyyata bareesuun wal dadamaqisee Petition mormii mallateesun dura dhabachuu qaba, Konkoolata Finfinne dha ba’uu fi galuu yabachuu dhisuu qaba, Konkoolata kan Oromoo ta’aanfi Gabatee ORO qaban qoofa fayadamuu qaba, Habashoota naannoo sun qubatan irra bituu fi itti gurguruu dhisuu qaba, Hotela, Mana Barumsa, Suuqi, Takisi, Habashoota fi kkf hund fayadamuu dhisuu qaba. Oromoon mormii fi Uguraa Habashoota irratti goochun diini akka naannoo Oromiyyaa keessaa ba’uu dirqisisuu qaba. Namoon lafi isaan irra fudhamee hundi wal gurmeesun hanga dhumatii falmachuu qabu. Sababin isaa gara fulaa duratti seeri gaafa dhufu qabeenya kun hundi isaanf ta’uu mala. Kanaaf ammoo hara falmachuu qabu. Kan haraa hin falmatiin bara Oromoon abba biyya ta’uu gaafi dhiyeesuf isaan rakkisa. Mirgi Oromoo soda fi dadhabina OPDO hubachuun lafi Oromoo Harari Hundane, Diredawa, Dasee fi Gutuma Walloo, Wando Genet, Moyale fi Wanbara Naannoo Oromiyyaa yeroo yeroon yamuu Fedrali humnan fudhatu uummani Oromoo caalisuu hin qabu ture. Uummani Oromoo lafa isaa irra yeroo heeran ala buqa’uu dhabbileen Oromoo, hayyuleen Oromoo fi Dargaggoon Oromoo calisuu hin qaban. Oromoon biyya keessa fi biyya ala jiru, Median Oromoo bakka jiru Mormii isaa dhageesisun Oromoo lafa isaa irratti wareegama barbaachisuu kafaluun salphina jala of basuu qaba. Haawwas Oromoo hundi Petition Mallateesun Mootummoota Gamtoomantti dhiyeesun goocha Wayyanee Mormuu qaba. Wayyaneen atataaman goocha kana dhabuu banan Heeri Federala waan ofuma cabsiteef Oromiyyaan siirna Federala Ethiopia keessa of basuuf OPDO dabalatee Oromoo hundi sagalee tokkon Bilisummaa labsachuu qabna. Walumaa galati gaafin Godina Adda Oromiyyaa Finfinnee jala galchuu fi Master Plan Oromoo lafa isaa irra buqisuu Heera Adunya kamiin fudhatama hin qabu. Ebla 2014
Mana barumsaa sadarkaa lammaffaa fi Qophaa’inaa Gimbii fi Mandii keessatti FDG dho’uun itti fufe Manneen barnootaa sadarkaa lammaffaa fi Qophaainaa keessatti barattootni Oromoo goototni imaanaa gootawwanii tiksan gaaffii abbaa biyyummaa itti fufuun magaala Gimbii mana barumsaa sadarkaa lammaffaa fi Qophaainaa Kompiriheensivii Gimbii keessatti FDG gaggeessan. Barattootni Oromoo gaaffiin mirgaa ilmaan Oromoo QBO keessatti wareegama baasaa as gahee fi haras itti jiru deebiuu qaba jechuudhaan FDG gaggeessanii jiran. Barattootni oromoo kunneen mana barumsaa keessatti walgahuudhaan tokkummaadhaan ABO gaachana ilmaan Oromoo tahuu kan dhaadatan Yoommuu tahu waardiyaan mana barumsaa fi waraanni mootummaa wayyaanee dura dhaabbatus gaaffii mirgaa irraa humni duuba nu deebisu tokko illee hin jiru, Uummatnis gamtaadhaan kaee falma jabaa gaggeessuutu irraa eegama jechuudhaan murtii dhumaa dabarfatanii jiran. Manneen barnootaa sadarkaa tokkoffaa keessattis barattootni Oromoo gaaffii mirgaa abbaa biyyummaa fi walabummaa Oromiyaa itti fufuu Qeerroon Gimbii gabaasee jira. Kana malees barattootni Sadarkaa lammaffaa Mandii Mootummaan wayyaanee abbaa irree waan taheef biyya bulchuu hin qabu jechuudhaan dhaadannoo dhageessisaa FDG bobeessan. Mootummaan wayyaanee bakka maraa diddaa gaggeeffamaa jiru dura dhaabbachuu kan dadhabde yoommuu tahu Barattoota Oromoo mana barumsaa Mandii sadarkaa lammaffaa Mandii waraana hedduumminaan itti bobbaasuun reebicha hamaa irraan geessee jirti. Barattootni oromoo mana barumsaa kanaas reebicha mootummaan wayyaanee irraan gaggeessaa jiru dura dhaabbachuudhaan dhaadannoowwan 1. Oromiyaan kan keenya 2. Kanneen hidhaman haa hiikaman 3. Mootummaan wayyaanee Gamboomfataa dha 4. Nuyi Qeerroo dha 5. Oromoon Lagaan hin qoodamu 6. Finfinneen handhuura Oromiyaati 7.
Finfinneen handhuura Oromiyaati 7. Sagaleen Uummata Oromoo haa dhagahamu Kanneen jedhanii fi biroo dhageessisaa oolanii jiran. Oromiyaa keessatti ibidda qabatee mootummaa wayyaanee barbadeessaa jirutti tumsa Gochuun Oromoon Gumaa gootawwan keenyaa akka deebisu Qeerroon magaala Mandii gabaasee jira.
Injifannoon Ummata Oromoof KHG TBOJ irra Qunnamtiif: khg@tboj.de khg.tboj@yahoo.com www.tboj.de bilbila: 015213802604, 017629076454
Shamarreen Oromoo Hayinaaleem Guutuu dubara waggaa 14ti fi dargaggoonni 11 biroo yeroo amma mana hidhaa qabamanii akka jiranii fi Obboleessii ishee da’imni waggaa 9s akka ajjeefamee jiru gabaasi ammaaf achi irraa dhihaate addeessa.
Oromoo sabakoo maalif gowwaa taata Kankee lammiin harca’e ati Ormaaf ergamta ! Maqaaf kaayyon diina xiqqoo qaban qabaa hin guunne sanii sun Adda Bilisa Baasa Uummata Tigraay ture. Ammas maqaansaanii kun hin haqamin jira. Hiika maqaa dhaabasaanirraa yoo kaanu, kan uummata tigraayin qofa bilisoomsuf jalqaban amma maalif Oromiyaaf itoophiyaa gallakkisuu didan ? ????? Garuu kaayyof ejjennoonsaanii amma irra gahame kun kaayyoo ganama qabatanii manaa bahanii ol ta’ee milkaa’anii argamani. Sababnisaas Orma nujaallachiisa, firammoo nujibbisiisa. Xiqqaa guddaan keenyas habashaa jala baaxxisa. Kanaaf maqaa sobaa Opdo.tin taayitaa, lafaaf albuuda Oromootti boo’an. Damma ofii nyaachun gowwaa afaan dibu ta’e dubbiin. Gowwaan hin dhalatin dhalatus hin guddatin, na’oofkalchaa ! ! Namni loon ykn horii mooraa tokko qabu tiksee takkaan eegsifata. Horiinis tiksuma sanaan raafamee jiraata, yookanis qalmaaf dhihaata. Osoo horii keessaa horiin gaaffidhaan osoo hin taane gaafa fi miillan walabummaa gonfatee, horiin horii ta’ee hin hafu ture kan kolfaa taane. Akkuma suuraa kana argitan uummanni xiqqoon tigraay miiliyoona 3 hin guunne sun baay’ina uummata keenya miiliyoona 50 ol ta’aa jiru lakk. guddicha kana halkanuma takkoon saffisa guddaatin gad buusuf jecha gamnummaaf mala ammayyaawaa hin muul’anne irrattis hin beekamin qabatee ka’e. Tigreen sabni bicuun sammuu handaaqqon qabdu hin qabne sun, gamnummaan nucaalun akkas jette. ” ka’i Oromoo, uummanni Somaaliyaa alshabaabin ajjeefamaa jiraatii birmadhuuf ollaan yoomifi?” Jechuun ergite. Waraanni Oromoo maqaa sobaa Opdo.tin ijaaramee ture sun kumaaf miiliyoonan lakkaa’amee Somaaliyaa geenyan ijaadhuma Oromoo ta’aniif achi geenyan dubbiin garagalchoo taate !
Waraanni Oromoo maqaa sobaa Opdo.tin ijaaramee ture sun kumaaf miiliyoonan lakkaa’amee Somaaliyaa geenyan ijaadhuma Oromoo ta’aniif achi geenyan dubbiin garagalchoo taate ! Edaa wayyaanen uummata nagaa somaaliyaa waliin wal taatee hidhachiisun akka irratti hin beekamneef waan alshabaabin waraanuf ka’an fakkeessun loltoota Opdo tigreen shakkite, kan oromummaaf sabboonummaattis ol guddachuun cunqurfamoo sabasaaniif gungumuu jalqaban fixuufi ! !! Eenyu haabirmatuuf ABO dhaa ? ??? Osoo atiif sabnikee cunqurfamaan, saba xiqqoo tigraayin gabroomfamnee jiraannuu biyya namaa bilisoomsuf du’a hin duune duute. Ilbiisa dheena abiddaat taate, biyyoon sittaasalphattu. Osoo dhuguma Opdo.n kan oromoo ta’ee maaf sabboontonni kunniin akkasittiin dhuman ? ?? Harki harka hin nyaatu, harkimmoo harka nyaatu harka miti ! miseensonniif deeggartoonni Opdo gorsiif dubbiin sabaa siniif galuu dide dammaqaa. Dhaabni dhuga qabeessi oromoof jiraate ABO qofadha. WBO.n garuu dhiira gaachana sabaati jaallattus jibbitus Oromiyaan ni Walaboomti. ka’i oromookoo harka wal qabadhu diinni dheena hin taatu cireef olkaawwadhu *********** firaa’oliin diddu gobiin ! ! ************
Kun kan ilkaan ciniinnachiisee ol nu kakaasu, kan caala nu tokkoomsee qabsoof nu tarkaanfachiisu tahuu qaba!
FDG Ebla 2014 Ka’een Walqabatee Oromoonni 2390 Ta’an Mannneen Hidhaa Adda Addaa Keessatti Dararamaa Jiru. Sochii Dargaggoota Biyyoolessaa, National Youth Movement for Bilisummaa fi Dimokraasiif(SDBBD) Freedom and Democracy (NYMFD) FDG Ebla 2014 Ka’een Walqabatee Oromoonni 2390 Ta’an Mannneen Hidhaa Adda Addaa Keessatti Dararamaa Jiru. 1700 ol Ammoo Bakka Buuteen Isaanii Hin beekamne. Hidhamuu Jeeffamuu fi Bakka Buuteen Dhabamuu Oromoof Mootummaan Wayyaanee Itti Gaafatamaa Dha!! Ibsa Qeerroo Bilisummaa Oromoo Caamsaa 20,2014. Finfinnee Oromiyaa Keessa Ilmaan Oromoo Mana Hidhaa Garagaraa Keessatti Dararamaa Jiran. Gabateen Armaan Gaditti Argamu FDG Ebla 2014 Oromiyaa Keessatti Qabatee Mirga Abbaa Biyyummaa Gaafachuu Irratti Mootummaa Wayyaaneetiin Hidhamanii Jiran Oromiyaa fi Sadarkaa Federaalaatti Baayina Namoota Mana Hidhaa Keessatti Dararrii Guddaa Keessa Jiranii fi Yeroo Ammaa Nuuf Birmadhaa Jedhanii Iyyachaa Jiran. Oromoonni 2390 ta’an kun manneen hidhaa armaa gadii keessatti haalaan dararamaa jiran fi kanneen 1700 ta’an bakka buuteen wallaalames dabalatee hatattamaan akka gadhiifamanii fi gaaffiin mirgaa Oromootaa deebii gahaa argachuu akka qabu Qeerroon Bilisummaa gadi jabeessee dhiheessa. # Godina Aanaa Magaalaa Baayina Namoota Hidhama nii Hojii Eessatti ykn Bakka Itti Hidhame 1 Shawaa Lixaa Amboo fi Tokkee Kuttaayee Amboo fi Gudar 217 Barataa,Qotataa,Dald altootaa fi Hojjettoota Police Station 2 Shawaa Lixaa Miidaqany Baalam 13 Qote Bulaa Police Station 3 Shawaa Lixaa Calliyaa Geedoo 49 Barataa fi QB Police Station Police Station 4 Shawaa Lixaa Abuna Gindabarat Gabaa Roobii 70 Barataa fi Hojjetaa Moot.
Police Station Police Station 5 Shawaa Lixaa Baakkoo Baakkoo 48 Barataa fi QB Police Station Police Station 6 Shawaa Lixaa Noonnoo Silkaa Ambaa 33 Barataa,QB Police Station 7 Shawaa Lixaa Dirree Incinnii Incinnii 24 Barataa fi Daldalaa Police Station 8 Shawaa Lixaa Daandii Gincii 30 Barataa fi QB Police Station 9 Shawaa Lixaa Jalduu Goojjoo 26 Barataa fi QB Police Station 10 Shawaa Lixaa Iluu Galaan Ijaajjii 32 Qote Bulaa Police Station 11 Email: Qeerroo2011@gmail.
Police Station Police Station 5 Shawaa Lixaa Baakkoo Baakkoo 48 Barataa fi QB Police Station Police Station 6 Shawaa Lixaa Noonnoo Silkaa Ambaa 33 Barataa,QB Police Station 7 Shawaa Lixaa Dirree Incinnii Incinnii 24 Barataa fi Daldalaa Police Station 8 Shawaa Lixaa Daandii Gincii 30 Barataa fi QB Police Station 9 Shawaa Lixaa Jalduu Goojjoo 26 Barataa fi QB Police Station 10 Shawaa Lixaa Iluu Galaan Ijaajjii 32 Qote Bulaa Police Station 11 Email: Qeerroo2011@gmail. com Bishooftuu Bishooftuu 15 www.Qeer Barataa fi QB roo.org Police Station Shawaa Bahaa 12 Shawaa Bahaa Adaamaa Adaamaa 24 Barataa fi QB Police Station 13 Shawaa Bahaa Dugdaa Maqii 14 Barattoota Police Station 14 Wallaggaa Bahaa Naqamtee Naqamtee 137 Barattoota Police Station 15 Wallaggaa Bahaa Guddayaa Biilaa Biilaa 22 Barataa fi QB Police Station 16 Wallaggaa Bahaa Kiiramuu Kiiramuu 27 Barataa fi QB Police Station 17 Wallaggaa Bahaa Galiilaa Galiilaa 32 Barataa,Daldalaa Police Station 18 Wallaggaa Bahaa Diggaa Diggaa 11 Barataa fi QB Police Station 19 Wallaggaa Bahaa Sibuu Siree Sooree 21 Barataa Police Station 20 Wallaggaa Bahaa Gubbuu Sayyoo Hanoo 26 Barataa Police Station 21 Wallaggaa Bahaa Giddaa Ayyaanaa Ayyaanaa 15 Barataa Police Station 22 Wallagga Lixaa Gimbii Gimbii 90 Barataa fi hojjetaa Police Station 23 Wallagga Lixaa Najjoo Najjoo 127 Barataa,QB fi Hojjetotta garagaraa Police Station 24 Wallagga Lixaa Boojjii Dirmajjii Biilaa 43 Barataa Police Station 25 Wallagga Lixaa Begii Begii 28 Barataa Police Station 26 Wallagga Lixaa Haruu Haruu 59 Barataa fi QB Police Station 27 Wallagga Lixaa Ganjii Ganjii 98 Barattoota fi barsiisaa Police Station 28 Wallagga Lixaa Ayiira Ayiira 13 Barattoota Police Station 29 Wallagga Lixaa Gimbii Joogir Abbasino 105 QB,Barataa fi Hojjetaa mootummaa Police Station 30 Wallagga Lixaa Laaloo Asabii Innaangoo 57 Barataa fi QB Police Station 31 Wallagga Lixaa Sayyuu Noolee Bubbee 66 Barataa Police Station 32 Wallagga Lixaa Noolee Kaabbaa Daabbasoo 75 Barataa Police Station 33 Wallagga Lixaa Hoomaa Hoomaa 57 Barataa ,QB Police Station 34 Wallagga Lixaa Baabboo Gambel Baabbo Gamebl 77 Barataa,QB fi Hojjetaa Garagaraa Police Station 35 Wallagga Lixaa Jaarsoo Jaarsoo 22 Barataa fi QB Police Station 36 Wallagga Lixaa Boojjii Coqorsaa Caqorsaa 59 Barataa Police Station 37 Wallagga Lixaa Gullisoo Gullisoo 105 Barataa Police Station 38 Horro Guduruu Jaardagaa Jaartee fi Shaambuu Haroo Labuu Shaambuu 16 71 QB,Barattoota,daldal aa fi hojjetee bulaa Police Station 39 Baalee Roobee Roobee 27 Barattoota Police Station 40 Jimmaa Jimmaa Jimmaa 26 Barattoota Police Station 41 Sh/ Kibba Lixaa Daawoo Buusaa 44 Barataa fi QB Police Station 42 G/A/Finfinnee Sabbataa Sabbataa 32 Barattootaa fi QB Police Station 43 Finfinnee Finfinnee Finfinnee 55 Barataa,Daldalaa,Hoj jetaa Mootummaa Police Station 44 Poolisii Finfinnee Finfinnee Finfinnee 62 Hojjetoota Mootumaa fi Barattoota Police Station 45 Dirre Dawaa Dirre Dawaa Dirre Dawwaa 42 Barataa fi QB,Daldalaa Police Station 46 Harar Haromayyaa Harar 48 Barataa fi QB Police Station Ida’ama Walii Galaa 2390 Yaadachiisa:Olitti kan dhiyaate kuni Oromoota FDG Ebala 15,2014 irraa kaasee hidhaman keessaa warren bakkatti hidhaman barame qofa. Kanneen kaan bakka buuteen isaanii hin baramiin jira. Kanneen kun haalaan rakkoo adda addaa keessa kanneen jiranii fi hatattamaan furmaata haqaa warra barbaachisuufii dha. Injifannoon Uummata Oromoo! Gadaan Gadaa Bilisummaati! Caamsaa 20,2014 Qeerroo Bilisummaa Finfinnee.
AKEEKKACHIISA (Saffisaan waliif dabarsaa) – Jawar Mohammed Wayyaaneen yaalin ummata Oromoo afaanfajjeessuufi sossobuuf torban lamaan kana goote erga fashalaaye booda, tooftaa haraya baafattee hojitti seentee jirti. Kunis sablammiilee Oromiyaa keessa jiran Oromoon walafaan akaayuudha. Bu’aan isaan kanarraa argachuuf deeman waa lama. 1) Oromofi saboota biroo jiddutti falmaa dalgaa ( horizontal conflict) uumuun humna diinaa nutti baay’iftee, humna keenyas laaffiftee ofii haara galfachuu. Akka waan mormiin deemaa jiru jibbaa 2) Gaafii haqaa Oromoon dhimma Finfinnerratti kaase sabni biraas hubatee fudhachuu waan eegaleef, sababa jeequmsaatin sodaatani akka Wayyaanee cinaa hiriiraniif barbaadu. Gaafilee akka ijotti kaasanii ofuuf deeman keessaa: dubbii Minilik, kan Dirree Dhawaa, kan Mooyyaleetif walitti bu’iinsa gama Dhiha Oromiyaatti uumamaa ture fa’a. Walitti bu’iinsa akkanaa uumuuf tooftaa itti fayyadamuuf filatan keessaa 1) Oromoofi saba biraa keessaa lukkee ( agent saboteurs) filanii seensisuuf wantoota miira ummataa dimshaashan tuqan dubbisuu, qabeenyaafi nageenyarratti balaa buusuun ummata nagayaa duchisiisanii walitti naqauu 2) Gaafileefi dhimmoota amma dura Oromoofi saboota garii walmormisisaa turan akka haarayaatti kaasun moromaafi walarraabsoo banuu. Akeekni diinaa kun akka hin milkoofne namuu, biyya ambaatifi Oromiyaa keessatti of eeggannoofi bilchina cimaadhaan sossohuu barbaachisa. Tarkaanfilee fudhatamuu malan keessaa 1) Gaafilee dhimma yeroo kanaatiin wal hin qabanne kaasuu dhabuu. gaafilee tun gariin kan injifannoon keessa dabarre waan ta’aniif cufamuu qabu. Gariin ammoo waan yeroof ta’anii miti. Warra bakka waltajjiittifi ummata keessatti dubbii akkanaa oofu adda baafachuun gorsuun yoo didan ammoo ummanni akka dammaqu gochuun.
Warra bakka waltajjiittifi ummata keessatti dubbii akkanaa oofu adda baafachuun gorsuun yoo didan ammoo ummanni akka dammaqu gochuun. 3) Lukkeelee saboota jidduu fiiganii dubbii laaqan adda baafachuun suduudaan dura dhaabbachuu, ykn hawaasa akeekkachiisuu. Lukkeelee Oromoo ta’anii saba kaan tuttuqan akka isaan ejjannoofi ilaalcha Oromoo bakka hin buune manguddootaafi dargaggoota saba kaanitiif ibsu. Lukkee saba biraa tan Oromoo tuqxus sabni sun beekee akka nurraa hidhatu ykn ofirraa dhiibu carraaquu. 4) Yeroo hiriiraatti qabeenya saba biraa kan ummata nagayaa warra barbadeessu ykn saamuf itti aggaamatu dammaqiinsaan hordofanii too’achuu. Yoo dadhabame ummanni kuun akka itti hin dabalamne godhuu. 5) Badii lukkeeleen akkanaa balleessan bifa suura-sagaleetin galmeessuun saaxil basuu feesisa. Tooftaan Wayyaanee kun saba Oromootifi warra kaanifis miidhaa hamaa waan qabuuf saffisaan fashalaayuu qaba. Kanarratti barattoonni, hojjattoonni, daldaltoonnifi qonnaan bultoonni bifa bifaan dammaqanii hojjachuu qabdan. Dhugaan Oromoo shira diinaatin hin dhokatu! Itti hin dhiisinaa!
Guyyaan Aafriikaa Ayerlaanditti Waa’ee Oromoon guutamee Oole “Social Media Compiagn” mata duree jedhuu jallatti miseensotni keenya guyyaa har’aa 25/05/2014 daawwatoota ayyaana kanaaf dhufaniif waaee Oromoo, rakkoo ilmaaan Oromoo irra ga’aa jiraa fi daba Wayaaneen ilmaan keenya qalaa jirtu saaxla baasaa oolle. Kaayyoon keenya uumatni hedhuun waaee rakkoo keenya kana yaada waalin daddabarsuun hundumti akka baru kan jedhu ture. Akka kanaan miseemsotni waldaan Oromoo biyya Ayerlaand guyyaa hara’aa xinnaa, guddaa, dhiira dubartii utuu hin jedhin duula waaee uummata Oromoo fi haala yeroo ammaa kan uummatnii keenya, keesumaa immoo ijoolleen baratoota Yuniversiitii addaa addaa keessatti baratani keessa jiran uuma kumaatamaan lakkawwamu guyyaa Aafriikaa kana jabajuu dhufeef ibsaa ollee. Namootni nuti quunnamnee itti haasofnu hundi haala uummata keenya irra jiru akka hubachuudhaan gaaffii nuti waaee keenya kana “Social mediaa” isaanii irratti akka hiriyoota isaaniitiif iran gaafatne gammachuun tole jechuun suuraa kafatni kanas akka raawwatani waadaa galuun gargaaraa fi jajjabeessuu guddaa nuuf kennuun akka kana caalaa hojjechuun nurra jiruuf daba fi dhiibbaa dhala namaa irra ga’aa jiru kana waliin akka saaxila baasuu qabna jechuun waadaa guddaa nuuf seenaaniiru. Miseensotni keenya warra Aafriicaa biyya adda addaa irraa dhufani keessumaa immoo barra ollaa Oromiyaa kan akka Keenyaa, fi Sudaan ilmaan Oromoo biyya isaanii baqatanii jiraniif deggersaa fi dawoo akka taniif, yoo dandeetii fi dhagaummaa qabaatani mootummoota isaan akka isaan ilmaan Oromo jaratti baqatani qabanii akka gara Itiyoophiyaatti akka hin deebfine amma itti himan gaaffachaa oolle. Baruu asii gadhii afaan Ingliziin qophaae kana maxansuun warra itti haasonetti hunda kan hirre yoo tau, akka waaee keenya, seenaa keenya akka dubbisun afeerrerra.
Hedduun isaanii dabni akkanaa jaarraa 21ffaa kana keessa jira jedhnee amanuun hin dandaa’amu jedhuun amma dhandaa’amu hundaa godhuuf, gara fuula duraattis akka quunnamtii isaanii nuu waliin cimsan nuuf ibsaa turani. Akka carraa keenyaa tau bakki godoo (tent) nu gae mukaa odaa fakkaatu jala waan tureef isaan wal-qabsiifnee waaee odaa, fi sirna gadaa ibsuuf haala gaarii nuuf uumee ture. About Us and Our Country Oromia Oromo people live mostly in Ethiopia, but there are some Oromo residents in Kenya and Somalia. Our home land in Ethiopia is about 600,000 sq. km. This area is more than half of the area of current Ethiopian empire. We call our home country Oromia. Oromia is the largest region in the Ethiopian empire. It extends from east to west and from north to south of Ethiopia. It borders with Somalia, Kenya, Sudan, and with most of the other Ethiopian ethnic groups. Finfinne (Addis Ababa), a current capital of Ethiopia and the sit of African Union, is the capital of Oromia as well. The population of Oromo is estimated to 40 million, about half the population of Ethiopia. Our people mainly live on agriculture (coffee, several crops, spices, vegetables) and animal husbandry, Oromia is the richest region in the Horn of Africa. Livestock products, coffee, oil seeds, spices, mineral resources and wild life are all diverse and abundant. The East African big rivers such as Blue Nile, Awash, Genalle, Gibe, and Didesa source from Oromia, or pass through it. Oromia has a varied and conducive weather both for living and investment. Our country Oromia is currently under the control of the Ethiopian colonial Empire. We the Oromo nation, as the most numerous nations in Africa, enjoy homogeneous culture and shares a common language, history and descent, and once shared common political, religious and legal institutions. During our long history, our people developed its own cultural, social and political system known as the Gadaa system. Gadaa was a uniquely democratic political and social institution that governed the live of every individual in the Oromo society from birth to death. We were a free self-governing country. But like our friend African communities we were the victim of the scramble for Africa of the 19th century.
But like our friend African communities we were the victim of the scramble for Africa of the 19th century. We were colonised, our Gadaa self-rule was banned, our identity denied, our people were sold as slaves, our language and cultural heritage was destroyed. While the colonised African communities are free and enjoying and celebrating their freedom, we Oromo are still in colony, still displaced, still in mass imprisonment, torture and face disappearances. Today our children are killed on in their village. Just recently more than 70 Oromo students killed, thousands disappeared and thousands more jailed because they aired their concern on the Addis Ababa Master Plan that is to display 2 million Oromo of their land. Only few people know the fact that Ethiopia is still a colonial empire. The successive rules of Ethiopian were one of the colonisers and still are. We are in still in colony. This is the reason why many Oromo are refugees in many African and Middle East countries. This is the reason why Ethiopia is the corner of conflict. This is the reason why it is the poorest country in the world. We need freedom, we need peace, we need the right to self-rule, and we need dignity as human beings. But we are still denied of these basic human rights. Our justice looks like this fellow victim of the Ethiopian colonial empire. The knowledge of this fact by you is nearly enough for us. Please search the web know more about us. We need your help. Put your caring eyes on us; and stretch your helping hand for us. Please also care for Oromo refugees in your country back home. Our people need this truth be known to the peace loving brothers and sisters. Please speak blog and chat about this injustice. Please join us in exposing this inhumanity to the world. Thank you.
Seenaa waggaa 3000 fajaja waggaa kuma sadii bu’aa muudama badii Birhanu M Lenjiso`s Socio-Political Reflections and Deflections Seenaa waggaa 3000 fajaja waggaa kuma sadii bu’aa muudama badii ………………………………… lolaaf beellamatanii gaangee bareechatanii matammaa bu’anii gaangeen dubbii cimsitee samiitti ol utaaltee gooftaashii calaaftee garboota ‘saas mancaafte ………………………………….. aaddee Mililik moosifte addee Mililikis dhufnaan bulaan osoo’n oolin dabtaraa funaannataan jinniisaan firoomsataan walakkaa ajjeesaan kaanimmoo gabroomfataan kan harka’rraa muraan kan harma`rra ciraan gataan isaanis guyyaan ga’ee cicciitaan du’aan …………………………………. akaakkayyuun keenyas yoosan siree koraan nama hunda ganaan karaarrayis goraan ofii ilma waaqaa, kaan jinni fakkeessaan biyya bira darbaan addunyaas gowwoomsaan dhaloota Salamoon kan waaqni eebbisee waaqa Jamaayikaaf dhufe Of fakkeesaan umman aaree gubatee waaqa’tti kadhattee Waaqins Mangee ergee kan hudhee aajjesee ……………………………… Koloneelichis achumaan Aangorraa ba’an asiif acchi laalaan hundumashii haadaan eenyun walii galaan? Maarkisiizim jedhaan aangoo tuttuullataan miidhagseesan ajjeesan, miidhagsaans bulfataan isaans oolaan bulaan yeroon isaan geesee duguugamaan badaan biyya dukkaneessaan ………………………………. gootichi ilmi ummataa aangoorra yoo ba’u wal-funaannee galle firaan akka ta’u (2x)! http://birhanumlenjiso.blogspot.nl/ Tibute to Tesfaye Siida for translating it from Amharic to Afaan Oromo, link from my suspended blog …..https://draft.blogger.com/blogger.g?blogID=3570431587351560126#editor/target=post;postID=4689048342700678862;onPublishedMenu=allposts;onClosedMenu=allposts;postNum=11;src=postname Posted by Birhanu Lenjiso at 3:06 AM No comments: Email ThisBlogThis!Share to TwitterShare to FacebookShare to Pinterest …..ተወገኔ….
ለወገን ደራሽ ወገን ነዉ እያልን እንዳላቅራራን ከዳር እስከዳር እንድ ነን ብለን እንዳልፎከርን እንዱን ጅብ ስበላዉ ሌላዉ ጥምብንሳ ሆነን ጅቡ ፋታ ስሰጠን እርስ በራስ እየተባላን በአንዱ ቁስል ሌላችን ብላዋ እየሰደድን አብሮነታችን ይቀጥል ፤ ለብልጦች ተስፋ እየወለድን ። Posted by Birhanu Lenjiso at 2:52 AM No comments: Email ThisBlogThis!Share to TwitterShare to FacebookShare to Pinterest The Concept of Land in Oromo Although one of the major, land question in Ethiopia revolves around “who should own land“. The focus is norrowed down to either privitizing land for land orders or the state to continue controling land on behave (as guardian) of the land holders. However,the concept of land itsef is very problematic in that country. It seems we paid less than enough attention to the meanings of land for land holder and ofcourse for ‘power’ holders in the country. I argue from my experience that the inherent meaning of land in Oromo has never been considered in the wider land debate in the country (though not exceptional). Land related studies and discussions most often consider land as economic resources. The place of land as social, cultural, political and religious/ritual resource/entity in the country in general and in Oromo in particular is totally overlooked. This over-commodification of land entails wrong conceptualization of the subject among researchers and policy makers. Land is much more than economic resources in Oromo for instance, farmers have strong attachment to their land as social, cultural and ritual places. Land is a status symbol, land signifies the relationship between the living generation and their ancestors. These attachments are much more than what the economic “compensation” can cover. Oromo equate land with their body bones (Lafaaf Lafee). In general, land is a life companion for farmers as it is a prime source of political power for successive Ethiopian rulers. Evicting farmers from their life companion entails reducing people to nothing more than sub-human creature. Because the eviction is not only loosing economic benefits (as many think and talks). It is losing their ancestral attachment, their social, cultural and ritual values and the concept of placeness. I think the call for stopping land grabbing and eviction of farmers around Finfinnee and elsewhere should go beyond ensuring economic benefits of evicted farmers. This inherent meanings attached to land by the people should be well considered.
This inherent meanings attached to land by the people should be well considered.
Barataa Baqqalaa Tarrafaa Jedhaman keessatti argamu.
Baaroo Tumsaa Bu’uuressaa ABOfi Mallattoo Qabsoo Oromoo Obbo Baaroo Tumsaa bara 1942 dhiha Oromiyaa Wallagga Ona Boojjii Karkarrootti Abbaa isaa obbo Tumsaa Silgaafi haadha isaa Naasisee Cirrachoo irra dhalate. Deeggarsa obboleessa isaa Luba Guddinaa Tumsaafi obboleessa isaa Naggasaa Tumsaa waliin Naqamtetti sadarkaa 1ffaa baratee sadarkaa 2faa ammoo ‘Ethiopia Evangelical college’ Bushooftuutti barate. Yunivarsiitii Finfinnee galee barachuun bara 1966 faarmaasiin sadarkaa B.SC eebbifame. Erga Yunivarsiitii galee kaasee guyyaa tokkollee qabsoo irra kan of hinqusanne Baaroo Tumsaa gumaacha mul’ataa gumaachaa ture. Dr. Mohammed Hassenfi Kuulanii Guddinaa seenaa Baaroo barreesan keessa: Sochii siyaasaa barattootni geggeessaa turan keessatti qooda guddaa nama qabaataa turan yommuu ta’u bara 1964 -1965 Prezidaantii University Finfinnee ture. Bara 1966tti ammoo Barreesssaa “union of the Universty Students in Addis Abeba “ ta’ee hojjetaa ture. Obbo Baaroo Tumsaa barattoota Oromoo, loltuu Oromoo miseensota Paarlaamaafi beektota Oromoo hunda gidduutti quunnamtii gaarii uumuu danda’ee kun ammoo jaarmiyaa gurmeessuuf bu’uura gudda ijaare. Obbo Baaroo Tumsaa yaada jijjiirama gurguddaa burqisiisuun nama morkataa hinqabne ture. Quunnamtiifi hariiroo gaarii uummata Oromoo keessatti qabu fayyadamee sochoosuun bara 1965 dhaadannoo “lafti Qotee Bulaaf” jedhu hiriira finfinnee qopheessuun Oromoof jijjiirama guddaa kan fide bu’uura qabsoo hundaa nu akeeke. Bara sana keessa uummatni Oromoo, lafa isaa irratti mirga dhabee, bulchiinsa gabrummaa jalatti lammii sadaffaa ta’ee, qabeenyaan saamamaa, siyaasaan hiraarfamaafi aadaa isaatiin tuffatamaa akka ture. Obbo Baaroon sirriitti hubachuun Oromoo barsiisaa turan.
Obbo Baaroon yeroo gabaabaa gidduutti, sagaleeniifi afuurri warraaqsa duraan dhaga’amee hinbeekne, golee arfan biyyattii keessatti baballatee akka dhaga’amuuf hooggansi inni kenne mootummaa Hayile Sillaaseetti yaaddoo haaraa akka biqilchu kan taasise ture. Seenaa Obbo Baaroo Tumsaa akka ani barreessu kan na dirqisiisee waan lamatu jira. 1ffaan Namoonni yeroodhaaf seenaa sana dhoksuu barbaadantu jiru, 2ffaa waan dhokfamee jiruuf seenaa barreessitoonni sirriitti bal’inaan qoratanii barreessuu irraa of qusatanii namni hojii nama kana sirriitti Afaan guutee dubbachuu sodaatee ture. Kun anaaf naa liqinfamuu dide, Obboo Naggasaa Tumsaa illee waa’ee obboleessa isaa miidiyaa hunda irratti akka hojii isaatti akka hindubbatamne naa ibsanii jiru. Seenaan Jaal Baaroo Tumsaa namni sirriitti hinbeeku, sababni isaa yeroo dheeraaf dhoksamaa ture, yeroo turaa adeemu ammoo ni hirraanfatama achuman dhokata, kana qofa utuu hintaane Dhaabni isaa utuu ibsa ga’aa hinbaasin namootni waa’ee isaa ibsuuf ni rakkatu turan, inni guddaan ammoo Obbo Baaroo Tumsaa jireenya isaa keessatti nama aangoo barbaaduufi nama na arga na arga jedhu ykn Protocal isaafi maqaa isaa dhaadessaa adeemu utuu hintaane nama akka Ogeessaatti duuba taa’ee hojjechuu jaallatu waan ta’eef namoonni alaa hedduu hinbeekan. Namoonni baay’ee Obbo Baaroo Tumsaa bu’uuressaa ABO ta’uu isaallee sirriitti hinbeekan, Obbo Dheeressaa Qixxee garuu Baaroo Tumsaa bu’uuressaafi Hoogganaa ABO qofa utuu hintaane mallattoo ABO ture jechuun ragaa ba’u. Kana uummatni Oromoo beekuu qaba kan jedhuun waan Prof. Mohaammadiifi Aadde Kuulanii Guddinaa barreessan kana hubanoofi ragaa ani qabuun gabaabsee barreessuu yaale. Qabsoon Obbo Baaroofi hiriyoonni isaa Oromoon lafa ofii irratti garba ta’ee, alagaan humna qawween itti dhufee, biyya isaa dhabe sana deebi’ee akka dhuunfatuuf, qabsoon yeroo jalqabaaf eegalamee, kabajamuu mirga dhala namaafi bilisummaaf daandii qabsoo saaquun, kunoo haala har’a keessa jirruun nu gahuu danda’e.
Obbo Baaroon Nama seenaa qabeessa Maamoo Mazammir yeroo barataa ture Maccaafi Tuulama keessatti gumaacha akka godhu ijaaruun hanga inni wareegametti jaalummaa gaariin waliin qabsoo godhan Obbo Baaroon bara 1966 barnoota yuunivarsiitii akka xumureen hojii kan jalqabe Ministeera fayyaatti itti gaafatamaa gola Faarmaasii ta’uu seenaafi seera hojii faarmaasii biyya Itiyoophiyaa akka jirutti jijjiiruu danda’ee jira. Faarmaasiin Itiyoophiyaa hanga Har’aatti seera inni ittiin hojjetu bu’uura isaa dura kan qopheesse obbo Baaroo ta’uu isaa Manni faarmaasii biyyaatti ragaa ba’u. Obbo Baaroon yeroo muraasa booda yuuniversiitiitti deebi’uun barsiisaa Faarmaasiifi Barataa Seeraa ta’uun eegaluun isaa sochii barattoota yuuniversiitii keessatti barattoota gurmeessuufi siyaasa barsiisuuf haalli mijateef. Obbo Baaroon hoogganaa barattoota yuuniiversiitii ta’uun, gochaa gaarii faarmaasii Itiyoophiyaa keessatti hojjeteen, hariiroofi quunnamtii gaarii Maccaafi Tuulama keessattifi paarlaamaa biyyattiifi waraana biyyattii keessatti qabaachaa tureen muuxannoo kana irraa argateen dhimma ba’uun ABO hundeessuuf haala mijeesseef. Bara 1967 keessa Waldaan Maccaa fi Tuulamaa yommuu cufamu, mootummaan Hayile Sillaasee murtii du’aa obbo Maammoo Mazammir irratti raawwate, Jeneraal Taaddasaa Birruu ammoo Galamsootti akka hidhamu godhe hogganoota hafan tamsaasetti guci sochii bilisummaa akka hindhaamne gochuu irratti gaheen obbo Baaroo boonsaafi seena qabeessa akka ta’e beekama. Barattootni Oromoo gumii “walbarraa” jalatti walitti qabuun, akkasumas “Walda Dhidheessaa” jedhamuu ijaaruu Maccaafi Tuullamni akka hinbadne godhee jira. Bara 2001-2002 WFDO bu’uurressuuf waraqaan ala wixinee dhufee fuudhee Obboolessa obbo Baaroo Tumsa obbo Naggasaa Tumsaa bira yeroon deemu fakkeenya Baaroo Tumsaa akkan ta’u seenaafi hojii Baaroo na barsiisan.
Itti dabaluun Sagantaa WFDO ani qopheesse sun namni dura dubbise isaan ture, Dhaabni sun dhaabbachuu akka qabu naa mirkaneessan garuu, mootummaan waan si shakkuuf jaarsolii of dura qabadhuu deemi, akka Baaroo hayyuu ta’ii gorsii ijaari malee aangoof jettee dura of hinqabiin naan jedhanii Obbo Bulchaa Dammaqsaatti sagantaa kana akkan kennu na godhan. Yeroo lammataa gaafa Maccaafi Tuulamni Cufamu bara 2003/2004 Uummatni Oromoo bakka itti walitti qabamu dhabuu Obbo Naggasaatti deebi’een ammas gargaarsa yeroon gaafadhu amma waan Baaroon bara 1967 gaafa Maccaafi Tuulaamni cufamee hojjete sun hojjechuun dirqama keeti Jaarsoolii siif barbaanna jedhan. Hundaa’uun WFDO akeekaafi tooftaa Baaroo Tumsaa waggaa 30 dura itti fayyadametti fayyadamuu yaale, ABO waliin quunnamtii nu qabachuu qabnullee Tooftaafi hariiroo Baaroo Tumsaa ture. Gara seenaa obbo Baarootti yeroo deebinu. Waldaa Dhidheessa keessas hayyoota kutaafi beektota Oromiyaa hedduutu ture. Oromoota ijaaruun, barsiisuufi siyaasaan akka dammaqan gochuun bu’aa guddaa qabaachuu isaa kan hubate obbo Baaroon, maandheewwan hedduun gurmaa’anii Oromoota golee Oromiyaa hunda keessaa walitti fiduun rakkoo uummata isaanii akka mari’atan bu’uura hundeesse. Yuuniversiitii keessatti “Sagalee Diddaa Gabrummaa” (Voice Against Tyranny) qopheessee barattootaa fi Oromoota Miseensoota WMT faca’anii fi dhokatanii jiraatan gargaaruu fi jajjabeessuun illee hojii isaa ture. Bara 1972 Afaan Oromoo qubee Laiiniitiin barreessuuf, hirmaatni dubbii (grammar) isaa qoratamee akka barreeffamu gochuuf Haayile Fidaafi Abdullahii Yusuuf bakka jiranitti Mitikkuu Tarfaasaa deemee akka isaan quunnamu gochuun ga’een Baaroo Tumsaa guddaa ture. Qormaatafi Barreeffama biyya keessaa funaanuun, Mitikkuu Tarfaasaa gara Jarmanii deemee Haayilee Fidaa faa waliin akka hojjatu baasii isaa danda’uun kan ergan obbo Baaroofi Guddinaa Tumsaa turan.
Bara 1973 Maandhiilee duraan obbo Baaroon ijaaraman hunda biyya keessaa biyya alaa jira, akkasumas J/Taaddasaa Birruu waliin wal quunnamuudhan, hariiroo uumuufi marii gochuun Walgahii ABO bu’uuressu qindeesse. Seenaaniifi guci qabsoo ABO gaafa sun qabsiifame. Walga’ii kana irratti kanneen argaman: Baaroo Tumsaa, Magarsaa Barii, L/Kol.Damisee Dheeressaa, L/Kol. Kabbadaa Qajeelaa, Abbiyyuu Galataa, Addisuu Bayyanaa, Leencoo Lataa, Yusuuf Bakariifi Diimaa Noga’oo turan. Baaroon Sochii sadarkaafi caasaa hunda keessatti qooda fudhachuu, qindeesuu, gurmeesuu, to’achuufi hoogganaa ture. Miseensootaafi mandhee dirqamatti utuu hinbobbaasiin dura sirna naamusa eeggachuu qabaniifi iccitii isaan eeggachuu qaban hubachiisaa ture. Bara 1974, yeroo mootummaan Hayile Sillaasee kufee, Dargiin aangoo qabatu Baaroon koree (komishinii) qaama ministeeroota durii qoratu keessatti filame. Kun ammoo loltuu Oromoo waliin hariiroo gaarii uummate. Baaroon ABO dhoksaan akka balaa irra hinbuuneef dhaaba seera qabeessa ECHAT (Ethiopia Chikun Hizbooch Tigil) ijaarsa Tokkummaa uummatoota Cunqurfamoo Ethiopia jedhamu gaaddisa ijaareef. Akeekni ijaarsa kanaas qabsoo Oromoo qabsoo uummattoota kibba Itiyoophiyaan waliin qindeessuufi ABO’f dawoo kennuu dha. Hoogganaa ijaarsa kanaa ta’ee Biiroo Barreessaa ijaarsa ummataa seene. Tooftaan kan WFDO ijoollee Oromoo dararamaa turan lubbuu hambisuuf itti fayyadamee ture har’allee itti fayyadamuun gaarii ture. Baaroon ABOs ta’ee ECHAT bu’uuressaafi hoogganaa qofa utuu hintaane nama waan hunda caalaa uummata Oromootti aansee ABO dhaabbilee kan akka mucaa dhalatutti kunuunsaa akka ture Hiriyoonni isaa lubbuun jiran akka Dheeresa Qixxeefaa ragaa ba’u.
Baaroon yeroo ECHAT dhaabe rakkoo uummata Oromoo irra dabarsee ilaaludha, uummata akka Oromoo rakkataniifi garboonfatan fira godhachuun Oromoo duukaa ijaaree ture, kun har’allee tooftaa Baaroo kana deemuu qabna, uummata Kuush hunda of duukaa gurmeessuu qabna. Dhaabbilee siyaasaa Oromoo Habashaa jala rurruuqamuu mana sabaafi sablammii hunda fira godhachuun waliin ijaaramuu qabna. Kana gochuuf ammoo dura ijoollee Oromoo dhaaba isaanii walitti tokkoomsuu qabu. Bara 1976 Baaroo Tumsaa mandheelee dhoksaan ijaare hunda sochoosuun, ijoollee Oromoo qaroo bakka hunda irraa quunnamuufi walitti fiduun taa’umsa ABO inni dura Finfinneetti bara 1976 akka ta’uufi sagantaan siyaasaa dhaabichaa akka mallattaa’u, barruuleen dhaabichi siyaasaa isaa ittiin tamsaasuu danda’u “Bakkalcha Oromoo”, kan dargaggoota ammoo “warraaqa”, kan qaama waraanaa, “Sagalee Bosonaa”, moggaafamee sagantaan siyaasaa dhimma Oromoo irratti akeekkatee fuula tokkoon akka eegalu kan taasise murna obbo Baaroon hogganaa tureen akka ta’e seenaan hojii isaa ni mirkaneessa. Baaroon sirna mootummaa jala, finfinnee taa’ee hogganootafi waraana akkasumas, caasaalee dhaabichaa adda addaa lafa bal’aa Oromiyaa irra diriirsee ture. Hoogganni ABO gaarii tokko akka bahatti bobba’u godhame. Bara 1977 keessa Baaroon murna kutaa harargee keessatti qabsoo hidhannoo geggeessaa turetti gootummaan makame. Qaamni dhaabichaa dirree bahaa ture rakkoo jajjaboo hedduu keessa waan tureef Baaroo Tumsaa fi Magarsaa Barii Walgahii naannoo sanatti Gurraandhala 1978 ta’u qopheessuu eegalan. Erga bobbaa waraana Xoophiyaa of irraa ittisanii booda sirna dhaabichaa sirreessuu itti fufan Caamsaa 1978 bakka Baaroo Tumsaafi hoogganoonni biraa dirqama kana irra jiranitti miseensuma dhaabichaan dhukaasni banamee Baaroon Wareegame.
Erga bobbaa waraana Xoophiyaa of irraa ittisanii booda sirna dhaabichaa sirreessuu itti fufan Caamsaa 1978 bakka Baaroo Tumsaafi hoogganoonni biraa dirqama kana irra jiranitti miseensuma dhaabichaan dhukaasni banamee Baaroon Wareegame. Seenaa Baaroo Tumsaa Goota Oromiyaa irra fuudhee kan barreessu kun anillee barumsa Baaroo irraa arganneen uummata koof hojjechuu yaalaa jira gara fuula duraatti warri na booda jiranillee fakkeenya Baaroo Tumsaa akka hordofan gochuuf.
Yeroo ( Sa `aa ) : 9:00 Nagaa fi fayyaa isini hawwina Koree Hojii Gaggeessitu-Hawaasa Oromoo Barliin (KHG-HOB)
Cufamuun SNR hir’ina miidiyaa uumuu qofaa otuu hin taane kun Oromoof qaanii dhas Abdii Boruutiin Waayee cufamuu ykn qilleensarraa bu’uu Raadiyoonii Sayifa Nabalbaal (Seife Nebelbal Radio=SNR) yeroon dubbisu amanuun dadhabe. Asirratti makmaaksa Oromoo tokkon yaadadha: “Ishiinuu hin jirtuu, ishiin sunuu mana hin jirtu” jedha. Yeroo ammaa SBO sagantaa Afaan Amaaraa irraa kan hafe, raadiyoonii walaba ta’ee Afaan kanaan tamsaasu hin qabnu. Akka ilaalcha kiyyaatti, SNR qabsoo kana keessatti gayee guddaa taphachaa fi qooda guddaas gumaachaa akka jirun amana. Raadiyoonii akkanaa qabaachuun keenya faayidaa karaa lamaa qaba jedheen yaada. Inni tokko, warri firoota Oromoo ta’anii garuu Afaan keenya hin dandeenye, Raadiyoonii kana hordofuudhaan dhimma Oromoo ykn haala uummatni fi qabsoon bilisummaa keenyaa keessa jiran hubachuu danda’u. Karaan biraa ammoo, akkaataa raadiyooniin kun sagantaa isaa dabarsu yoo ilaalle, fudhatanis fudhachuu baatanis diinota keenyatti dhugaa jiru himuudhaan; shira isaanii saaxiluurratti gahee cimaa taphachaa jira. Kanaaf raadiyoonii akkana kana dhabuun keenya hiri’na miidiyaa fiduu bira dabree; sababa maallaqaatiin cufamuun isaa nuuf qaanii guddaa dha. Rakkoo maallaqaatiin otuu hin taane, raadiyooniin kun otuu sababa biraatiin kan cufamu ta’ee, hamma kana baay’ee nama hin gaddisiisu. Qabeenya Oromiyaarratti diinni dhufaa dabru abbaa qabeenyaa nurratti ta’ullee, uummatni Oromoo uummata waa hundaa qabu jechaa; garuu raadiyoonii kana gargaarree qilleensarra tursiisuu dadhabuun keenya dhugumatti waan nama qaanessuu dha. Jiruu fi jireenyi biyya ambaa baay’ee ulfaataa fi innumti kunuu kan qabsoo cimaa gaafatu ta’ullee, garuu waan ji’arraa (baatiirraa) yookaanis ammoo waggaarraa arganurraa waa xiqqaa hir’isnee, miidiyaa uummata keenya tajaajilu fi qabsoo keenya keessatti qooda guddaa gumaachu gargaaruun, yoo dhuguma fedhii fi kutannoon jiraate, waan hin danda’amneef sababni ni jira jedhee yaaduun na rakkisa.
Biyya keessatti (Oromiyaa keessatti) uummatni keenya karaalee adda addaatiin wareegama kaffalaa jiru. Kuun bosonatti galanii; bilisummaa keenyaaf jedhanii lubbuu isaanii kan deebitee hin argamne dabarsanii kennuuf qabsaa’aa jiru. Kuun ammoo mirga keenyaaf jedhanii hidhamaa, dararamaa fi du’aa jiru. Maarree, uummatni Oromoo kan biyya ambaa jiraatan; xinnaatullee kan nagaan bayanii galuu danda’an; xinnaatus baay’atus hojjetanii waa argachuu danda’an; bilisummaa hawwuu qofaa otuu hin taane, qabsoo kana keessatti akkamitti qooda keenya gumaachuu dandeenya jedhanii of gaafacuun maaliif rakkisaa ta’a? Yeroo murteessaa ta’e kana keessatti waliif mirmachuun maaliif dadhabama? Yeroo ammaa kanaa, yeroon raadiyooniin kun sababa maallaqaatiin cufamuuf dirqamu? Dhugaa dha, raadiyooniiwwan adda addaa kophaa kophaatti ijaaramanii heddoomaa dhufuun, yeroo tokko tokko akka salphaatti waan ilaalamuuf, dhimma kanaaf hubannoo kennuun nama rakkisuu danda’a ta’a. Hunduma isaaniituu bakkee adda addaatti gargaaruunis gaafii waan uumuuf, fedhii namootaa hir’isuu mala. Haa ta’u malee, hanga fedhii saba keenyaa guutanitti; hanga qabsoo kana keessatti gahee taphatanitti; heddoomuun miidiyaalee keenyaa badaa dha jedhee hin yaadu. Karaa biraatiin yoo ilaalamu garuu, hundi isaaniituu bakkee tokkotti dhufanii miidiyaa cimaa tokko kan uuman otuu ta’ee, kun karaa gargaaramuutiinis ta’e karaa hojiitiin bu’aa caalu fida jedheen amana. Egaa, waa hundaa hubachuudhaan uummatni keenya, keessumaayuu warri biyya ambaa jiran, haa xinnaatu haa baay’atu hamma danda’amu gumaachuudhaan raadiyooniin SNR akka qilleensarra oolu taasisuun dirqama Oromummaa ti jedheen yaada. Kanaaf, alagaa fi diinni akka nutti hin kofalle, waan humni keenya hayyamuun raadiyoonii kana haa gargaarru.
Kanaaf, alagaa fi diinni akka nutti hin kofalle, waan humni keenya hayyamuun raadiyoonii kana haa gargaarru. Yeroon ammaas yeroo raadiyooniin akkanaa cufamuu miti. Dhumarratti, carraa kanaan yaadan qabu tokkon dabarsuu barbaada. Yoo kan danda’amu ta’e, raadiyooleen gara gara faffaca’anii jiran hunduu bakkee tokkotti dhufanii miidiyaa cimaa tokko kan uuman yoo ta’e, gargaaramuufillee haala mijataatu uumamuu danda’a jedheen amana. Akkuma kanaan durallee dubbatamaa ture, otuu OMN jalatti caasaadhaan hammatamanii garuu walaba ta’anii sagantaa isaanii dhiyeessuu kana danda’an ta’ee, kunis filannoo (option) badaa waan ta’u nati hin fakkaatu. Qabeenya fi beekumsa walitti qindeessuun bu’aa caalu fida malee, bu’a-dhabeenyi isaa natti hin mul’atu. Abdii Boruu: aboruu@gmail.com
1 B/ Tasfaayee Kabbadaa 2 Raagaa Immaanaa 3 Malaakuu kidaanee 4 Yaadataa Tolosaa 5 Xilaahuun Hayilee 6 Lalisaa Faqadaa 7 Daani’el Shuumaa 8 Faxxanee Immaanaa 9 Milkiyaas ykn Abba joote kan jedhaman kun sababa tokko male mana hidha Anaa Hawwa Galaan kana keessatti guyya har’aa to’atamanii jiru………!
Yaa lammi koo mee rabbi kadhachuufii hin dagatiina!
Biyya ambaa keessatti jaboo dararamnee Yaa Mowlaa nu furi sumatti iyyannee ~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~ Najiib Zannuun/Marsimoonaa
Dhaloota Dhugaa Dhaale Bara 2006, warri ormaaf ergamuu jiruu isaanii godhatan abjuun ittihammaatee, irribni toluu dinnaan, ‘ooda’ gaafachuu gara gooftaa isaanii imalan jedhama. Gooftaan isaaniis rakkoo isaanii dhaggeeffatee hanga ayyaanni isaa ittimuul’ise fala himeef. ‘ilmi abaarsaa gaangee abaarsaa fe’ata’ akkuma jedhan jarris ooda gooftaa isaanii fudhatanii galanii “… kitaabni barnoota afaan Oromoo tokko otoo hinafne barataarraa nuu funaanaa…!” jechuun labsii baasan. Akkuma jedhame kitaabni Afaan Oromoo walitti qabamee, ‘hogeessi’ dhibee achi keessa dhokatee abjuu nama yakku qoraachuu danda’u filatamee, kitaabicha fuula fuulaan as qabanii, achi qabanii dhamaatee guddaa boodaa “…falli argame…!” jedhanii, maddi rakkoo isaanii isuma ta’uu irratti walii galanii, daboon ba’ee suurriifi seenaan J/Taaddasaa Birruu fuula kitaaba barnootaa keessaa buqqa’ee akka gubatu ta’e. “Ishoo!! Qabbanoofne. Falli argame. Kana booda obbaafanne…!” jedhanii ililleen hanga dhabee, gooftaa isaaniif hooqubaa galchanii ofii galanii rafnaan dubbiin ittuu caale. Nagaanis hinargamnee, abjuunis hintolle. J/Taaddasaa dhugaa saba isaatu uume. Dhaloonni ittaanummoo dhugaa kana dhaale. Muul’ata kana fudhatee ba’e. Kanaaf diina yaaddessa. Kanaaf diina abjuun milkii dhabe. Otoo beekanii Dhaloota dhugaa dhaale, saba muul’ata fudhatee bobba’e dura dhaabbatan. Ammas seenaa kana dhaggeeffadhaa. Waggoota jahan baranaati. “Gadaatu saddeeta naanna’e; kuni seenaa addaati… ‘millennium’ Toophiyaatu gahe…” jedhamee, addunyaan dhagahee, masaraa guddaa ijaaranii, cidhii guddaan qophaa’ee, “…maaloo nurraa hinafiinaa…!” michoota isaanii kadhatan.
Guuyyaa cidhichaa, misirroon cidhichaa arraba qaratee, gaachana rasaasa qolatu gidduu dhaabatee amaamota isaa fuulduratti: Jabina abaabayyuufi akaakayyuu isaa jajee, qaroomina isaa faarsee, hunda caalammoo jabaa jabaa caalu ta’uu isaa nu akeekkachiisee guyyichi darbe. Warrii kaanis jala jalaa ka’anii isuma dur dhageenye irradeddeebi’anii, faarsanii, gabbisanii akka nuti hindagannetti nu yaadachiisuu yaalan. Dubbachuuf jarri sibiila uffatanii sibiila qabatanii qe’ee nu dhuunfatanii, otuma beeknu, akkuma isaa wallaallee otuma dhaggeeffannu bara eegganne. Gaafa guyyaan gahe, hidhannoon sibiilaa, hirree jabaataan, gaachanni sibiilaa Adda Dhaloota Dhugaa Dhaalee, saba muul’ata qabuu duratti hinoofkaluuti – Mataan warra dhugaa cabsuuf dhaadatuu harka dhoksaatiin yoo mataarra rukutamu arginee bubbultii keessa nus kunoo dhuga baatuu taane. Dhaloota dhugaa dhaale fuuldura homtuu hindhaabatu. Dhugummaa dubbii kanaa caalatti qalbeeffachuuf ammas seenaa biraa daballee haa ilaallu. Gurmuun diina dhaloota kana fuuldura dhaabachuuf jecha karoora tokko baase. Akka karoorichaatti, koree tokka ijaaramee dhaloota dhugaa dhaale, saba muul’ata qabu ajjeesuuf bobba’e. Hunda dura, mataan koree kanaa nama Abbaa Duulaa Gammadaa jedhamu (Jenerala raayyaa waraana Wayyaanee, yeerichatti, ittigaafatamaa dhimma oddeeffannoo raayyaa waraanaa) kan ture ta’uu seenaa boriif jecha haa qalbeeffannu. Koreen kun namoota dhugaa sabaaf dubbatan, namguddoota seenaaf duudhaa sabaa beekan ajjeesuu akeekkate. Ajaja koree kanaan Sabboontota Oromoo hedduutu galaafatame. Bal’ina dubbii kanaa seenaaf bulchinee Ka’umsa dubbii keenyaaf akka tolu qofa waa tokko ilaaluu yaalla.
Sabboontonni hedduun galmee jara kanaarratti qabamaniiru. Eessaafii eenyurraa akka jalqaban erga mar’I’atanii booda murni tokko ambotti qajeele. Eenyufaa akka du’an maqa namoota hedduu tarreeffatee, galgaltuu, magaala Amboo, masaraa mootummaa durii keessatti walgahe. “Eenyu haa ajjeefamu…?” maqaan sabboontotaa hedduu erga tarreeffamee booda, harki lakkaawamee sagalee caalmaatiin murteen kan obbo Daraaraa Kafanii ta’e. Daraaraan Ajjeefame!! Duuti sabbonaa kanaa goota lakkooftuun ittihinbaane Ambo keessaa biqilche. “…Daraaraa; dhiigni kee halkan tokkotti goota kumaatama akka biqilchu ormi hinbeeku…!” jechuun uummanni Oromoo naannoo Amboo xiiqiidhaan dhaadate. “Otoo beektee nattuu hinduttu.” jedhe qeerransii sareedhaan. Warrii dhaloota dhugaa dhaalee du’aan dhaabuuf yaalan Dhugaan laphee dhalootaa dhuunfate ajjeesuu akka hindandeenye arganii qaaniidhaan jiraatti goguu jalqaban. Warrii har’a lubbuun hafan jireenya akkamii akka jiraatan qalbfeeffadhaa! Dhiigni dhaloota dhugaa dhaalee jiraatti nama ajjeesa. Gootota lakkoofsi ittihinbaane biqilcha. Ammas waatokkon dabala, haalli mijataa ta’uu baatullee, sabboonummaan jajjabaatee, dhaloonnii seenaa, afaan, adaa, safuu, walumaagalattii eenyummaa isaa barbaadu heddummataa deemuun rifaasuu diinaa dachaan dabale. Gaaftokko namguddoonniifi dargaggoonni muraasni Waldaa Maccaafi Tuulamaa jalatti koree Aadaafi Seenaa hundeessuun guddina sabboonummaa Oromoo daran saffisiisuu eegalan. Birraa barii, Irreessa qabatanii Irreeffannaaf Oromoo dammaqsanii gara Hora Harsadeetti qajeelan. Diina duraanuu yaaddootti jiru yaaddoo dabalataa itti ta’e. “Taa’anii ilaalurra” jedhanii, kashlabboota ganda keessaa maallaqaan bitee namguddoota kana karaatti miidhuuf yaalii godhan.
Sabni dhugaa qabatee ka’e galaana. Har’a, Oromoon Ayyaana kanaaf Harsadiitti walga’u diina balbala duraa mitii ormaa fagooyyuu raajera. Warri baras Maanguddoota muraasaarratti okkara qindeessan har’a liqimfamanii harka kennanii, otoo hinjaallanne Oromoo wajjin yoo Irreessa baatan argaa jirra. Dhaaloonni dhugaa dhaale, diina duuffisa. Liqmsii bira darba. Kunis moo’icha Qabsoo Oromoof ragaa tokko. Addi dhaloota Dhugaa dhaaalee labsii labsiidhaan diiga. Mee dubbii koo xumuruun dura ammallee waatokko waliin haa yaadannu. Waggoota muraasa dura, “Oromoon akka Finfinnee gadi lakkisu labsii baase. Labsiin kun hanga har’aatti Oromoo biratti moggaasa “guyyaa gaddaa” jedhamuun yaadatama. Waggaa tokkoo booda, haalli labsii kana labsiin diigu dhalate. “Finfinneen kan Oromooti!! !” jechuun labsii labsiin diige. Ittidaddabaluun, “manneen barnootaa Addaa Afaan Oromoo ittibarsiisan Finfinnee keessatti akka ijaaraman, Giddugalli Aadaa fi Seenaa Oromoo achumatti akka dhaabatu.” Jechuun danuu wixxifatan. Diinni faayidaa mataa isaatiif jecha olii gadi gaggaragalullee, ciniinsuu kana duuba dhugaa tokkotu jira. Dhugaan Saba muul’ata qabuu waraana dhokataa namatti kaasa. Halkan irriba dhoowwee labsii labsiin geeddarsiisa. Dubbii koon guduunfa. Dhaloonni dhugaa dhaale galaana. – gaara jigsee, tulluu buqqisee, hededa diigee, haafaafi haasura karaarraa haxaayee deema. Dhaloonni dhugaa dhaale, sabni muul’ata qabu bu’aa bayii har’aa ilaalee galma isaarraa hingufatu; dadhabbii har’aa dhaggeeffatee waakkiin wal hindadhabsiisu; ulfina boruu caalchifata; galma buruut ilaala – Obsaaf hubannoodhaan lafa kakuu isaatti xuruura.
Dhaloonni dhugaa dhaale, sabni muul’ata qabu bu’aa bayii har’aa ilaalee galma isaarraa hingufatu; dadhabbii har’aa dhaggeeffatee waakkiin wal hindadhabsiisu; ulfina boruu caalchifata; galma buruut ilaala – Obsaaf hubannoodhaan lafa kakuu isaatti xuruura. Eebbaan galma isaa dhuunfata. Otoo diinni hinaafuu,otoo ormi danqaafi danqaraa karaa isaarraa tuuluu – akka galaana hidha diigee, furga’ee timjii isaa dhuunfata. Diina liqimsee, duuffessee, kararraa caccabsee dhawaata biyya isaa deeffata. Burqaan isaa mirgisee yaa’ee lafa gogaa magarsa; galaana hinguune ta’ee gaafa caamsaan hammaatu, bara bonni jabaate ittibaqatu. Kuni egeree saba kiyyaati. Dhugaa saba muul’ata qabuuti. Warrii egeree kana arguu dadhabdanii karaarraa maqxanii gumgumtan karaatti deebi’aa. Dhaloota dhugaa dhaaletti makamaa; Wajjiniin bobba’aatii lafa eebbaa dhuunfadha. Yookaniif “Okolee diddu, Okkotee hindiddu” akka jedhan ta’a. Dhaloota dhugaa dhaale, saba muul’ata fudhatee bobba’e wanti dhaabu hinjiru. Xumureerra!! Injifannoon Ummata Oromoof! !
Lammiin Oromoo kun South Afrikaa ummata biyyaatiin bakka suuqii hujjataa ture keessatti ajjeefame AS WR WB ODUU GADDISIISAA ! !!! Yakka sagaggaalummaa raawwate himata jedhuu ka dharaatiin qabamee dhagaa fi uleen akkaata nama suukaneessutti ajjeefame. Achirraa reeffa fuudhaanii akka namoota biraatiif jiila tahu gochuuf magaalaa naannawa sanii ta Skundaa jedhamtu geessanii kararratti darban. Maqaan isaa Muhammad-Amaan Sulxaan jedhama. Baale, Agaarfaa ganda Sheek-Irboo jedhamutti dhalate. Ee gara South Afrikaa dhufee waggaa 3 ykn 4 hin caalu jedhama. Seenaa isaa bal’innaan itti deebina. Breaking news: Saturday 27/10/2013 One of the Oromo refugee member in South Africa was killed in broad day light by gangs. the people oppressed at home are still facing oppression , the discrimination against Oromo refugees and fear of their lives still have no solution, this applies to Oromos refugees in Kenya, Egypt, Djabouti, Somaliland, Somalia, Sudan, South Africa and other African Countries.we look for more voice against this oppression that this cannot happen to any Oromos anywhere. Once an Oromo refugee deported from Kenya and killed in Ethiopian prison by Ethiopian Government, the story of Mr. Tesfahun Camada will remain in all Oromos mind. ————————————-—————————————————————- Baqataa Oromoo kan tahe ilmi oromoo tokko dhagaadhan reebamee south africa keessatti lubbuu isaa dhabee jira. Suuraafi vidiyoo kanaallee yeroo ammaa ummata gurraacha biyyattii irraa argamee jira. Kuni jibbiinsa ummata baqataa tahaniif ka qabaniifi, xenephobia irratti kan hundaa’edha. Innis sababa ilmoo waggaa 6 rape godhe sababa jedhuun tumamee ajjeefame. Rape kunis soba irratti kan hundaa’efi sababa mallaqa oromticha sodaachisanii irraa nyaatufi. Inni mallaqa kennuu dinnaan polisicha bribe kennaniifii case itti banan. Booda haadha ilma sanii birrii dhibba (R700) erga kennameefii booda poolisichi bribe fedhe sunis akka mallaqni isaaf kennamu barbaade.
Booda haadha ilma sanii birrii dhibba (R700) erga kennameefii booda poolisichi bribe fedhe sunis akka mallaqni isaaf kennamu barbaade. Yeroo kana dhooggannaan “I will show you what’s going to happen” jedhee biraa deeme. Guyyaa 2 booda abbaa daa’ima sanii wajjiin waltahuudhan, lakkoofsa gabatee isaanii cufatanii mini-bus guutanii mucaa bakka dalagaa isaatii fuudhanii…iddoo dhaabbata taxitti nama maraan tumamuudhan ajjeefamee jira. Polisii ganda saniitti oggaa report godhan “don’t worry they will bring him just now” jechuudhan reebuu didee jira. Nama biraatis magaalaa biraatii haada electricitin hudhamee ajjeefamee jira. Iyyaa iyya nuu dabarsaa meediyalee mararrattuu. Vidiyoos feete isiniifan erga ammaaf suuraa attach godheen jira galatoomaa. —————————————————————————————————— Caaya Tokkummaa Baqattoota Oromoo biyyaa Masrii Miseensotaa isaatif, Baqattootaa Oromoo kan biroollee kan Biyyaa Masrii jiraatan akk uf eeganno cimaa qabaatan isan yaadachiifnaa, Jiruun Biyyaa Ormaa hedduu rakkoodhaa ammaas namaa yaachiftii. Injifannoon Tan Ummata Oromooti. Oromiyaan Ni Bilisoomtii ! !! —
Ibsa Ijjannoo hirmaattota Miseensoota TBOJ fi Hawwasa Oromoo Biyya Jarmani, Frankfurt Sadasaa 10 bara 2013 Guyyaa FDG Tokkummaa Barattoota Oromoo Jarmanii (TBOJ) Sadasaa 10 bara 2013 saatii 13:00 irraa egalee waaree booda amma saatii 19 :00 magaalaa Frankfurt, galma Universitii Joon Volfigaang kessatti haala owwan geggefame milkiin xumuramee jira. Kaayyoon waligayii: 1ffaa Guyyaa FDG kabajinee ooluuf akkasumas waadaa QBOf gale haaromffachuuf fi QBO waan dandeenyen uttubuuf 2ffaa haala qabsoo bilisummaa Oromoo (QBO) yeroo ammaa irratti mariyatuun hubannoo siyasaa argatuu ture… Walgayiin kuni ergii Eebbaan mangudoon banamee boodee, Alaabaa teenyaf Jaallan keenya warren FDG irrati lubbuu isaan darbef shamaa qabsisuun faaruu alaabaa Oromiyaa gamtaan farffamee, booda miseensi gumii sabaa Adda Bilisummaa Oromoo (ABO), Jaallee Aster Gammadaa mata duree “Guyyaa Finciilaa Diddaa Gabrummaa fi walumaa galati haala QBO keessa turteef keessa jirtuu’’ ibsaa balinaan hirmaatota waligayiif dhiyessan. Itti fufuun Obbo Dejanee Abdisaa Janna mata duree harmaan gadi kana irrati balinaan ibsa kenanii jiru. Oromoia Students Movement and the Current Trends of Oromo Youths and Intellectuals. A paper presented on the commemorate of the popular student uprising known as the Fincila Diddaa Gabrummaa (Revolt Against Subjugation), 10th November,2013 By: Dejene Abdissa Janna Frankfurt,Germany Introduction This term paper highlights only the tip of many challenges about what happens in Maekalwi and other torture prisons since many Oromos who end up in Ethiopia’s torture prisons barely survive to tell the stories, as in the case of the recent victimer Engineer Tesfahun Chemeda and thousands of others who died from barbaric acts of torture inflicted up on them for purposes of extracting information and for many other reasons, including for terrorizing the victims and making them spectacles of violence to discourage other actually or potentially strong Oromos (October , 2013 Oromo Press).
It’s not new or surprising that Ethiopia is party to many treaties and conventions on torture and human rights violations. What is surprising is the lack of will among the so-called international community to disinvest from Ethiopia or to enforce regional and international laws to end the kind of torture that singles out members of a single ethnic group. Reports can expose injustice and making headlines can make us happy temporarily, but as long as they are not followed-up by international or regional actions, they just raise our hopes and disappoint us more, but we still need them so the stories of those people who have paid heavy prices are not lost in vain. We wait hopefully for actions to follow words while also reinvigorating our will and ability to come forward and tell these crucial stories (Human Rights Watch, 2013). Fincila Diddaa Gabrummaa (Revolt Against Subjugation) The popular student uprising known as the Fincila Diddaa Gabrummaa (meaning the “Revolt Against Subjugation”) was suddenly broke out on November 09, 2005 following the failed 2005 Ethiopian election in which the Oromo was denied any meaningful representation. The popular revolt started on November 09, 2005 following a call by the Oromo Liberation Front (OLF) to Oromo students and the entire Oromo people to peacefully oppose the government and bring to the forefront the demands of democracy, justice, and most importantly, the realization of the right of the Oromo people to self-determination (The Reporter, 13 November, 2005). The Conditions of Oromo Prisoners and Tourturing in Prison Centers Today, there are more than 30,000 Oromos jailed and being torturing in Ethiopian prison centers being suspected of Oromo Liberation Front members and supporters. Prominent Oromo individuals, scholars, civil servants, businessmen/women, teachers and students, farmers are being murdered, detained, kidnapped, displaced and harassed for no crime committed. According to Torture Abolition and Survivors Support Coalition (2010/2011 cited in Ayyaantuu.com, 2011), Ethiopia contributes 47.8 percent of the world’s torture survivors who flee to the U.S.,making Ethiopia the number one country in Africa and the world with the most numerous torture survivors of the 13 countries listed. Regional human rights abusers such as Eritrea and Sudan contribute 6.5 and 2.2 percent respectively.
Of the 47.8 percent torture survivors from Ethiopia, the overwhelming majority who have come forward and testified are Oromo survivors. The TPLF-led regime mainly targets the Oromo people and oromia because of their economic resources and political resistance. Because the Oromo occupy Ethiopia’s richest areas and cover nearly half of the population of Ethiopia, they are seen as the greatest threat to the present Tigrean-led government. Subsequently, any indigenous Oromo organizations and independent Medias have been closed by the government. In an effort to destroy all peaceful Oromo movements and institutions in Ethiopia, the TPLF regime attacked all Oromo civil society members and Medias including the famous Mecha Tulema association, the OFDM and Jimma Times and Urji newspapers. We should not forget what the Macca Tulama members and oromo Journalists and activists have suffered for the last 21 years under TPLF and we always remember their peaceful struggle for justice of Oromo people in Ethiopia (Human Rights Watch, 2013: 34). Now a days, the Oromo people can’t live in their own country and on their own land ; they are unable to cultivate, trade, produce and study in peace and freedom, the natural resources of the Oromo people and its land and minerals are on sale to foreign investors , and leaving all Oromos and our country Oromia in poverty, sadly Productive Oromo youngsters and innovative minds are being dragged to prisons and several thousands are forced to exiles in fear of persecution, speaking for justice as an oromo is entirely seen as an act of terrorism in today’s Ethiopia ( Human Rights League of the Horn of Africa,2013). Genocide of Oromo Intellectuals Being educated can be a risky business in Ethiopia especially if you are from ethnic group of Oromo. Students and teachers, are often among the most politically active elements of society, and are frequent victims of human rights violations including extrajudicial killings, arbitrary arrest, and denial of freedom of association and expression. The present Ethiopian leaders (TPLF) have targeted the academic community of Oromos now a days and this can be stated as genocide based on article 2 of 1948 UN convention on genocide. According to international conventions, genocide is the planned destruction of any economic, political or a social group. Such kind organized destruction of Oromo nationalists, Oromo Medias, journalists and the whole leaderships are characterized as genocide.
Article 2 of 1948 Convention on the Prevention and Punishmentof the Crime of Genocide states as follow: Article 2 In the present Convention, genocide means any of the following acts committed with intent to destroy, in whole or in part, a national, ethnical, racial or religious group, as such: (a) Killing members of the group; (b) Causing serious bodily or mental harm to members of the group; (c) Deliberately inflicting on the group conditions of life calculated to bring about its physical destruction in whole or in part; (d) Imposing measures intended to prevent births within the group; (e) Forcibly transferring children of the group to another group. Oromo refugees and asylum seekers who escaped such gross human right violation and dispersed to neighboring countries like Kenya, Somaliland and Djibouti are being abducted and forcefully sent back to Ethiopia by the request of TPLF security agents who are working crossing the border in Kenya, Somaliland and Djibouti . The TPLF security forces hunting down prominent oromos by crossing the international border to take them back to Ethiopia and locking them in prison for the rest of their lives- or killing them, as a number of international Human right organizations repeatedly witnessed in their recent reports, those who sent back to Ethiopia were being tortured, sentenced and murdered in Ethiopian prison. The recent detaintion of Engineer Tesfahun Chemeda in the kalliti prison center, held in solitary confinement, with no access to medical treatment and severe beatings for nearly two years which resulted in his death in August 2013 in such inhuman way is witnessing the continuity of TPLF government targeting and hunting down of highly qualified Oromo elites and nationalists as wild animals. Therefore, this all systematic genocidal war waged on the Oromo people needs an urgent solution and needs an urgent intervention from all sectors of the Oromo society ,oromo political organizations ,oromo nationalists and oromo activists to stand up together and fire up the struggle to bring an end to this era of darkness and genocidal in Oromia. Options for Oromo youths and intellectuals now a day A. B. C. D. A. Being tourturing in prison center B. Being eaten by wild animals while fleeing C. Sinking in ocean than sinking in prison center D. Too sad underage children (voice of the voiceless) in prison center instead of schooling Oromia Shall Liberate!! mata-duree kana jalatti haala garaa jabinaan mootummaan Ethiopia ajeechaa fi hiidhaa akkasumas jireenyan mankaraarisuu Umataa Oromoo irrati gageessaa ture fi jiru akkasumas Oromoo Biyya baqatee ree akka duuti isa irra gaha jiru ibsaa balaa hirmaatoota walga’iif xiinxala siyaasaa dhiyesaniru. ibsa kennun ergi xummuramee booda hirmaattooti walgayiis gaaffiilee fi yaada ijaaroo dhiheessuun mariin gadi fagenyaan mata duree lamanuu kana jaallan dhiiyaate irratti geggefameera.
ibsa kennun ergi xummuramee booda hirmaattooti walgayiis gaaffiilee fi yaada ijaaroo dhiheessuun mariin gadi fagenyaan mata duree lamanuu kana jaallan dhiiyaate irratti geggefameera. Ibsa ejjennoo Walga’ii Guyyaa FDG Nuti miseensotiin TBOJ fi hawaasa Oromoo walgayii Guyyaa FDG kana hirmaannee ture haala siyaasaa QBO irratti ergi mariyanneen booda, ummata Oromoo fi Oromiyaa sirna gabiromfannaa (kolonii) bara ammaa motummaa Habashaa, gartuu wayaaneen (TPLFn) hogganamaa jiru, jalatti gidirfamaa jiru bilisomsuuf qabsoo hadhooftuu hogganummaa jaarmaa ABOn geggefamaa jiru gutummaan tumsaa, gumaata nuu irraa barbaadamu gama maraan kennuuf qophii ta`uu kenya ni mirkaneessina. 1.QBO hirmannaa ummata Oromoo fi hogganummaa ABOn geggefamaa jiruu ni deggerra! 2.Qabsoo hidhannoo, siyasaa, fi dipilomasii ABO geggessaa jiru diinagideen ni utubna! 3.Qabsoo fincila diddaa gabirummaa karaa qerroo Oromiyaa, barattotaa, fi ummata Oromoo geggefamaa jiru waan nu irraa barbaachisu maraan ni tumsina! 4.Sagalee QBO haala hundaa kessatti firotaa fi dinoota ni dhageessifina! 5.Saamichaa fi shororkaa ummata Oromoo irratti dinoti fi farreen QBO raawataa jiraatan injifachuuf hubannoo fi kutannoon sagantaa QBO milkomsuuf heera jaarmaa ni tiksina! 6.Hogganummaa jaarmaalee QBO itichuun (qindeesun) ilaalcha siyaasaa tokkoomeen (walitumsuun) qabsaawuf waamicha ABO labsee ni deggerra! 7.Yakkoota dhittaa mirga-namomaa fi Ajeechaa fi dhaabin nama mankaraarsuu ummata Oromoo irratti karaa motummaa gabironfataa TPLF (wayaanee) raawatamaa jiru ni balaaleffanna!!! 8.Hogganummaa motummaa wayaaneen yakkoota dhiittaa mirga namaa ummata Oromoo irratti raawatamaa jiru hambisuuf akka hawaasoti Adunyaa dhibbaa godhan ni gaafanna! 9.Lammii Oromiyaa kanneen meeshaa motummaa TPLF ta`uun yakkoota hiriyaa hin qabne ummata Oromoo irratti raawachisuun sirna motummaa Habashootaa tiksuuf boojiyamtan akka gara moraa QBO makamuun mirga abbaa biyyummaa ummata Oromoo kabachisuuf qabsooftan waamicha ilaalcha Oromummaa hundeefate isiniif erginerra!!!!! Injifatnnoon ummata Oromoof! Hirmaattota Walga’ii guyyaa FDG miseensaa TBOJ , Konyaa ABO FfM fi akkasumas Hawwas Oromoo (Jarmanii, Frankfurt, Sadasaa 10 bara 2013
Yaa rabbi ummata kenna ciinqaa fi darara jalaa nagaa basii nu bilisoomsi
Waggaa tokko keessatti oroomooti 59 ajjefamanii hedduun akka mada’an akkasumas qabeenyaan qarshii miliyoona kurnaan lakkaa’amntu barbadaa’ee.
Ibsa Koree Hojii Raawwachiiftuu ABO (KHR-ABO) ADDA BILISUMMAA OROMOO OROMO LIBERATION FRONT Ibsa Koree Hojii Raawwachiiftuu ABO (KHR-ABO) Gaafa: Sadaasa 29, 2013 Lak: SAD/022/2013 Date: November 28, 2013 No. SAD/022/2013 —————————————————————————————————————————————— Koreen Hojii Raawwachiiftuu ABO teessuma isaa idilee taasifateen dhimmoota dhaabaa, naannoo fi guddina siyaasa oromoo gadi fageenyaan xiinxalee jira. Adeemsa qabsoo sabaa ABOn durfamu jabinaa fi anqinoota qabu baldhinaan gamaaggamamee jira. Muldhati dhaaba keenyaa qabsoo sabaa galmaan gahuuf murteessaa ta’uu fi dhalooti haarawaan dhimma qabsoo sabaa keessatti qooda isaaf malu akka fudhatu, muldhata ABO haala anjawaa kan uume ta’uu isaa gadi fageenyaan ilaalamee jira. Muldata dhaaba keenyaa galmaan ga’uuf anqinoota akka hoogganaatti qabnu irra aanuuf madda rakkoo mudatiin baldhinaan ilaalamee falli hunde qabeessa itti kennamee jira. Hojilee karaa siyaasaa, ijaarsaa fi hojii dippilomaasii turan baldhinaan xiinxalamee jira. Koreen Hojii Raawwachiiftuu ABO adeemsa qabsoon keenya keessa jiruu, ciminaa fi dadhabbina akka dhaabaattis ta’ee mooraa qabsoo oromoo keessa jiru roga hundaan xiinxalee jira. Tokkummaa Oromoo fi Qabsa’otaa jabeessuun guyyaa bilisummaa Oromoo kan shaffisiisuuf murteessaa ta’uun isaa ilaalamee jira. Akkasuma hariiroon dhaabni keenya dhaabbilee siyaasa Oromoo fi kan biro wajjin qabu xiinxalamee jira. Hariiroon dhaabni keenya ABOn dhaabbilee Oromoo fi dhaabbilee siyaasaa kan boroo wajjin qabu hunde qabeessaa fi dhimma tarsiimoo ta’uu isaa hubatamee jira.
Bifuma kanaan muldhata keenya galmaan ga’uuf haariroon dhaabbilee siyaasaa gidduu jiru, keessumaa dhaabbileen Oromoo walitti dhiheenyaan hojachuun murteessaa ta’uun isaa irratti waliif galamee jira. Kana irraa ka’uudhaan murtee kanaa gadii dabarsuudhaan teessuma isaa injifannoon xumuratee jira. 1. Muldhata dhaaba keenyaa galmaan ga’uuf tarsiimoo fi toftaa waltajiin yeroo gaafatutti dhimma bahuudhaan muldhata dhaaba keenyaa galmaan ga’uuf hooggansa bu’a qabeessa kennuuf murteerra ga’amee jira. Kana gochuuf hooggana dimokraatawaa fi hirmaannaa qabsa’otaa akksumas deeggartoota mara karaa mirkaneessuun hojiitti hiikuuf qophii ta’uu isaa murteessee jira. 2. Jaallan kana dura qabsoo sabaa keessatti gumaachaa fi gahee olaanaa qabaachaa turan, eessa iyyuu haa jiraatanii, kan lubbuun jiranis ta’ee kan haarsaa kaffalan kabajaa fi ilfina isaaniif malu kennuudhaan imaanaa isaanii galmaan ga’uuf akkuma kana dura irratti hojatamaa ture ammas goototaa fi duree qabsoo keenyaa kabaja olaanaa kenninaaf. 3. Afuura oromummaa (normalization)dhaabbilee siyaasaa oromoo fi caasaa hawaasa oromoo gidduutti fiduuf alduree tokko malee dhaabni keenya ABOn ni hojata. Akka hoogganaatti kaayyoo eebbifamaa kana galmaan ga’uuf murannoon hojanna. 4. Dhaabbilee siyaasa oromoo gidduu garaa garummaan siyaasaa jirus dhaabni keenya galii isaan dhaabbataniif kabajaa qaba. Dhimma waloo irratti waliin hojachuuf ABOn qophii dha. Garaagarummaan keenya akkuma jirutti ta’ee dhimmoota irratti waloodhaan hojannu tokkos ta’ee lama dhaabni keenya hojachuuf qophii dha. kanaaf dhaabbileen siyaasa oromoo adeemsa wal diineffachuu fi wal qoollifachuu keessaa bahanii dhimma qabsoo sabaa irratti qabxilee waloon hijachuu dandeenyu irratti tumsaa fi irree tokkummaa qabsoo akka jabeessinu waamicha goona.
kanaaf dhaabbileen siyaasa oromoo adeemsa wal diineffachuu fi wal qoollifachuu keessaa bahanii dhimma qabsoo sabaa irratti qabxilee waloon hijachuu dandeenyu irratti tumsaa fi irree tokkummaa qabsoo akka jabeessinu waamicha goona. 5. Jaallana kana dura sababa gara garaan dhaaba isaanii ABO irraa of moggeessan ykn qeeqaa fi ilaalcha gara garaan mufatan, akka dhaaba isaanitti deebi’anii gahee isaanii gumaachan waamicha goona. Jaallan qabsoo kana keessatti gahee olaanaa qabaachaa turan akka ammas dhaaba isaanitti deebi’anii gumaacha isaanii bahan hooggani keenya alduree tokko malee isaan simachuuf qophii dha. 6. Caasaleen hawaasaa, beektotii, haayyotii fi jaarsoliin oromoo akkasumas qabsoo sabaa kana keessatti gumaacha muldhataa fi umurii isaanii namootiin itti fixan tokkummaan mooraa qabsoo oromoo akka jabaatuuf gahee isaanii akka bahan waamicha dhiheessina. 7. ABOn gochaa sukkaanneessaa mootummaan woyyannee Ummatoota Itoopiyaa biyya keessaa fi biyya alatti irraan gayaa jiruu jabeessee balaleefata. 8. Jaarmiyoolee sirna woyyannee hiddaan buqisu’uun sirna dimokiraasii dhugaa, mootummaa sagalee wayaaba irratti hundayee (majority rule) mirga ilma namaa fi ol’aantuumaa seeraatiin bulu ijaarutti amanu hundaa woliin hojjatuuf waamicha goona. Injifannoon ummata oromoof Sadaasa 2013
Nelsan Maandeelaan Du’an Boqotan 06.12.2013 Namoota hedduu biratti maandelaan Goota.Nama kaka’uumsa qabu nama jabaa fi mul’ata qabu. Yeroo baayyee nama gad of qabu, nama gaarii, amanamaa, nama warra biraafis yaadu. Ta’uun beekamu. Nelson Mandelaan Adooleessa 18 bara 1918 dhalatanii naannoo dur gurraachonni Afrikaa kibbaa keessa jiraatan Transkei jedhamtu keessatti guddatan. Bara dargaggummaa isaanii sochii farra Apaartaayiid keessa seenuun paartii Afrikaan Nashinaal Kongrees ykn ANC jedhamutti dabalaman.Bara 1940 ANC keessatti damee dargaggotaaf hogganaa ta’an. Maandeellaan kooleejii fi mana barnootaa kan seeraa yeroo seenan nama ANC keessaa Oliver Thamboo wajjin turan. Yeroo jalqabaafiis waajiira gurraachaa kan waa’ee seeraa irratti hojjatu Afrikaa kibbaa keessatti banan.Gurraachootaaf gorsa seeraa baasii tokko malee tola ykn gatii xiqqoo gaafachuun gargaaraa turan. Mootummaan Afrikaa kibbaa bara 1960 paartii ANC kan uggure ta’uus garuu dhoksaan sosso’uu itti fufan. Maandeelaan yeroo baayyee polisoota harkaa miliqaa turan.kanaafiis haadha warraa isaanii ishee lammataa Winne irraa adda ba’anii jiraachuuf dirqaman. Bara 1962 Maandeelaan hidhamanii mootummaa irratti shiran jedhamanuu yakka ilaalchatti dhiyaatan.Tarkaanfiin fudhadhe hogganaa uummanni Afrikaa hawaasa bilisoome akka qabaatuuf qabsaa’uu kooti jechuun falman. Waggaa lama booda adabii hidhaa umrii guutuu irratti muramee handara galaana keeptaawoon kan jiru mana hidhaa odoola Roobiin keessatti hidhaman.Mana hidhaa hamaa kana keessatti waggootii 18 eega hidhamanii booda/ bara 1989 qabsoo hidhannoo ANC gaggeessu balaaleffadhu hidhaa ba’ii jechuun waamiicha mootummaan dhiyeesse didan. Garu waggaa tokko booda bara 1990 prezidaantiin yeroo sanaa Freedriik de clerk paartileen siyaasaa kam iyyu seeraan kan deggeraman ta’u eega labsanii hidhamtoota siyaasaa harka caalaa waan hikaniif maandellaanis hiikaman.
Garu waggaa tokko booda bara 1990 prezidaantiin yeroo sanaa Freedriik de clerk paartileen siyaasaa kam iyyu seeraan kan deggeraman ta’u eega labsanii hidhamtoota siyaasaa harka caalaa waan hikaniif maandellaanis hiikaman. Bara 1991 maadellaan prezidaantii ANC ta’uun filataman.
Qarriffaa Saree Lafeerratti Akeekkatu! Mammaaksa Oromoo “Qarriffaa Saree Lafeerratti Akeekkatu!” jedhu kan lammii Oromoo taane martuu akka dhagahaa fi mammaakaas guddanne shakkiin hin jiru. Mammaaksi kun mammaaksoota ummata Oromoo biratti beekamanii fi mammaakaman keessaa mammaaksa ijoo fi warreen akkaan jireenya hawaasummaa keessatti barbaachisoo ta’an keessatti akka ramadamuu danda’us tilmimaamuun nama hin rakkisu. Namni ennaa Sareen lafii goggogaas ta’e jiidhaa qoqortu(Cabisitu) ilaale maalif akka mammaakame hubachuu hin dadhabu. Sareen ennaa lafee qoqortu ilkaan ishii keessaa inni halaalatti muldhatu isa Qarriffaa jedhamuu dha. Kan ittiin namas tahee lubbu qabeeyyii biraa foxxoksitee nyaattuun isuma. Namni Qarriffaa saree dhedheeraa ittiin lafee cabsitu kan argee, gocha ishiis hubatemmoo waan ittiin Sarees ta’e Saroota halaalatti ofirraa dhorkuun/hari’uun Ulee lafa hin godhu. Harka duwwaa hin deemu. Saroonni yoo itti dhufte qarrifaa ishii isa lafeerreetti akeekkatee/arge/ saniin akka foxxoqisitee isa nyaattu waan beekuuf. Ulee harkaa qabaannaan garuu halaalatti Uleen rukutee ofirraa dachaasa, naannoo isaatii hari’a. Kan Sareen ennaa Lafee qoqoratu Qarriffaa ishii argee hubachuu dadhabee harka duwwaa ykn harka raasee Ulee malee itti deemee garuu kan isa eeggatu hedduu dha.Homaa na hingootu jedhee hoomaa saroorootaatti harka duwwaa qajeellaan kan isa eeggatu ilkaan ishii isa Lafee gogoggaa fi Lubbi qabeeyyii biraarratti sileeffattee saniin ciramee hafuudha. Kun amaluma sarootaati waan taheef kan itti gaafatamu isa harka raasee sareetti qajeelee malee kan biraatii miti. Mammaaksi, afoollii fi dubiin dur-duri waa malee hin mammaakamne.
Hin mammaakamus. Waa malees darbaa dabarsaan dhalootaa dhalootatti darbaa as hin geenye. Mammaaksii fi Afoolli dur-durii baruumsa kenna, ni akeekkachiisa, ni dammaqisa. Mammaaksii fi Oduun dur durii ennaa dhaggeeffatan qoosaa haa fakkaatu malee kan ceebba’amuu qabu ni ceebba’a, gama hundaanuu dhaloota gorsa. Yoo kan dhagehee irraa baratu jiraate. Mammaaksii fi oduun dur-durii kan ‘ihii….’ jedhee kan gurra itti kennee dhaggeeffatee fi qalbeeffateef waa heddu barsiisa. Akeekkachiisa, qalbifachiisa. Mammaaksi mata duree irratti “Qarriffaa Saree Lafeerratti Akeekkatu!” jedhus kanuma dhugoomsa. Dubbii ijoon mammaaksa kanaas; isa dafee waa hubachuu danda’uu fi qalbifatee hojiirra oolchuu danda’uuf ergaa ‘Balaa bor sitti dhufuu danda’urraa gamanumaan of eeggadhu/of tiksi’ jedhu dabarsa. Beekaan mammaaksa akkanaa dhagahaa guddate ammoo ennaa Sareen lafeefii waan lubbu qabeeyyii biraatti Qarriffaa ishii rakkiftee garaa guttachuuf daaktu ilaaleet anis yoon harka ishii bu’e akkasuma ta’a jedhee Ulee ittin Saree fi saroota ofirraa ittisuun/ dhorkuun/ naannoo isaatii hari’uun qabatee deema. Harkaayiis hin dhabu/ ittiin of eega. Inni waa hubachuu fi qalbiachuu hin feenee fi Gorsa namaa tuffatummoo mammaaksaa fi afoola akkanaatirraayii mitii ciibsanii waga’anuu hanga irra gahee argutti hin amanu. Xummurri nama akkanaa ammoo Qarriffaa Sarootaa qofaan Osoo hin taanee Bineensa biraatiinu Kottee kaasee hanga lubbuu isaa dhabu akka gahau shakkiin hin jiru. Nama akkasii, nama osoo itti himanuu fi gorsanuu didee ammoo dhugaanuu isa gorsa. Isa gurra tokkoon dhagahee gurra tokkoon gadi naqe, isa odoo arguu fi dhagahuu Ulee isaa isa ittiin Saree fi Saroota ofirraa ittisuun gatee didee ganda keessa deeme kan isa gorsu sarootaan Kotteesaa dhabuudha.
Nama akkanaa nama harka isaatin “Hoomaa Sarootaa” of buuse yoo ijaajjitti Sarootaan jajji’amees/nyaatames/ abbaatu Saroonni homaa na hingootu jedhee Ulee isaa gate waan taheef callisanii ilaaluu malee falli biraa hin jiru. Mammaaksi Oromoo inni akkaan dubbii akeekaan akkasii kun nama qalbii qabuuf qalbifateef jireenya isaa hawaasummaa kam keessattuu isa tajaajila. Fuundura deemeeti karaa akeekaafi. Akka dogongoraan, hubannoo dhabuun of dagatee balaarra hin buune, akka yeroo hundumaa, waan hundumaa gamasumatti akeekkatee qophaawee socho’u karaa haxaahafi. Keessattuu namni lammii isaa bakka bu’ee waldhaansorra jiru mammaaksaa fi gorsa saba isaa qalbeefatee hojirra oolchuu qaba. Ergaa akka afoolaatti darbaa dabarsaan uummanni itti fayyadamaa as gahe kanarraa waa heddu barachuu fi hubachuu qaba. Hubatees kan akeekkachisurraa akeekkatee, waan hamaa isaa fi lammii isaa gaaga’urraa yeroon goruu qaba. waan hubatamu taanaanis akkasuma hubatee akkaataa diina isaarra ittiin oolu mala malachuu qaba. Barnootas yoo tahe irraa barachuun akkaan barbaachisaa dha. Fuundura isaa fi lammii isaatu ittiin qajeela waan taheef. Kaayyoo ka’eef sanatu aadaa fi duudhaa uummataa waliin wal simatee galama gaha waan ta’eef. Yeroo ammaa kana akkuma argaafii dhagahaa jirru namoonni tokko tokkoo fi dhaabooleen tokko tokko mootummaa wayyaanee waliin karaa nagahaa filannoo keessattti hirmaannee Itiyoophiyaa dimookiraateessina jechaa jiru. kana gochuufiis Ulee keenya lafa gooneeti filannoorratti dorgamana jedhaniiru. warri akkas jedhan akkuma beekamu baayyeen isaanii durumaanuu warra Ulee harkaa hin qabne yoo ta’an ammi xiqqaan ammoo warra dhiheenya kana Ulee qabachuun nutti haa hafu jedhee labsate. Warri kun warra harka duwwaa wayyaanee Danqaraa baattee jirtuu/ murna Qarriffaa dheereeffattee eenyu nyaadhu laata?/ jechaa jirtuun waliin waldhansoo wal dorgomuuf gara biyyaatti gala jechaa jiraniidha.
Warreen duraanuu harka duwwaa jiranis ta’ee warreen amma Ulee lafa goonee jechaa jiran akka isaanitti fakkaatetti qabsaawun mirga isaaniti. Garummoo gaafii “wayyaaneen waggoottan 22n darabaniif warra karaa nagahaa ni qabsoofna jedhanii yaalaa turan eenyufaa gara haangootti dhiheessitee beekti ?” jedhuuf ofumaa of gaafatanii ofumaa deebii kennuu qabu. Warra karaa nagahaa qabsoofana jedhanii asiif achi dhamahaa turan meeqa akka hitee, meeqa akka ajjeeste, meeqa akka biyyaa baqachiiste hin dhgeenyee moo ni dagattan? kan jedhuuf deebii gahaa qabaachuu qabu. yoo carraan argame wayyaanees gaafachuun dirqama isaaniti! Namoonni fi dhaabooleen karaa nagahaa wayyaanee waliin waldhaansoo dorgomna jechaa jiran kun keessattuu warri tibbana galluu malee jechaa jiran kun mammaaksa Oromoo isa “Qarriffaa Saree lafeerratti akeekkatu!” jedhu san waan quba qaban hin fakkaatan. Ykn dhagahuu hin feene malee wayyaaneen murna eenyuufuu hin hillee dha. Murna harka duwwaa nama kabajjuu miti. Kanaaf ragaan akka fakkeenyaatti dhihaachuu danda’u hedduu dha. Ammaas oolee haa bulu malee ilkaan ishii sabboontoota irratti, Paartilee karaa nagahaan socho’anirraatti sileeffatte isaanirrattis hojiirra oolchuun waan hin hafne. Nama akkuma mammaaksichi akeeke kan biraarratti akeekkatee ofii hin eeginii fi harka duwwaa harka raasaa waldaa Sarootaa dhaqe wanni irra gahu silaahuu beekamaadha waan taheef nama raajuu dhiisuu danda’a. Garuu nyaatamuun waan hin hafne. Qarriffaa Sarootaa dhiiga namaa mi’eeffateen jaji’amuun hin oolu. Kan abbaan of godhe callisanii ilaaluu malee wanti godhan hin jiru. Wayyaaneen murna laafaatti, akka qoosaatti isa harka duwwaa itti dhaqeef hangoo keennituu miti. Dhaaba nagaahaa fi seera beektu akka hin taanes gochaaleen gara jabinaa ilmaan Oromoorratti waggoottan 22n darbaniif hojjette raga guddaa dha.
Dhaaba nagaahaa fi seera beektu akka hin taanes gochaaleen gara jabinaa ilmaan Oromoorratti waggoottan 22n darbaniif hojjette raga guddaa dha. Fuunduuraafiis hanga rukutamtee Oromiyaa keessaa hin baanetti murna yakkoota adda addaa saba Oromoorratti hojjeechuurraa duubatti hin deebitu. Murna waggootan 100n dhufuufi uummata Oromoorratti karoora baafattee hojjeechaa jirtuu dha. Silaa jarri kun kana kana hubatanii, warra isaan dura “karaa nagahaatin qabsoofna” jedhanii harka wayyaaneetti kufanii boodarra hidhaatti tortoran, ajjeefamanii fi bakka buuteen isaanii dhabamerraa barachuu qaban turan. Beekaan namarraa barata wallaalaan ammoo ofirraa barata akkuma jedhamu san jechuu dha. Kanaaf mammaaksi Abbootii keenyaa “Qarriffaa Saree Lafeerratti Akeekkatu!” jedheemiree? hanga ofirraa barataniitti eegudha!!! Baarentuu Gadaa Gassogedaa@gmail.com
Prezidaantiin Oromiyaa Du’aan Boqotan ISKINDIR FIREW – FINFINNEE irraa akka gabaasetti Obbo Alamaayyoon, dhukkuba isaan mudateen, umurii isaanii waggaa afurtamii-shaniitti Addunyaa kana irraa du’aan boqotan. Duti Obbo Alemaayyoo wanna eegame – jechuun rakkisaa dha. Sabbaan isaa, itti-gaafatama guguddoo kana lameen baatanii haga dhiheenya kanaatti hojjetaa turan. Akka Lakkobsa Itiyoophiyaatti, Hagayya bara kuma lamaa fi lama irraa jalqabee — dura-taa’aa DHDUO yokaan OPDO, Fulbaana bara 2003 irraa jalqabanii Prezidaantii Oromiyaa ta’uudhaan tajaajilan – Obbo Alamaayyoon. Itti-gaafama kana lameen qabatanii hojii itti fufuun isaanii — rakkoo fayyaa qaban danda’auudhaan akka tahe dubbatu – maddeen Paarticha Mootummaa. Ibsi Mootummaa Oromiyaa irraa bahes, kanuma mirkaneessa. Waggoota lamaan dabran keessa — dabree dabree akka rakkoon fayyaa isaan mudataa ture dubbate. Taayitaa isaanii gad-lakkisuuf, ka Paartii isaanii — Dhaabbata Dimookiraatawa Uummata Oromootti iyyannaa dhiheessatan garuu dhihoo dha. Torban lama dura. Itti-gafatama Paartii fi ka Mootummaa gad-lakkisuun isaanii beeksisamee, otuu waan hin turiin immoo duuti isaanii dhaga’ame. “Obbo Alamaayyoo Atoomsaa – Itti-gaafatama guddaa Mootummaa fi uummatni itti kenne – amanamummaa fi fedhii uummata tajaajiluu guutuudhaan hojiin mul’isaa turan” – jedha – ibsi Har’a bahe kun. Dhaabbatni Dimookiraasawa Uummata Oromoo – OPDO-n, walga’ii dhiheenya geggeesseen — Obbo MUKTAAR KADIR, dura-taa’aa, Aadde Aster Maammoo immoo itti-aantuu gochuun filatee jira. Taayitaa Itti-aanaa Muummicha-ministaraatiin Qindeessaa Damee Bulchiisa gaarii fi Ministara Koolejii ka ta’an – Obbo Muktaar Kadir, Mootummaa Federaalaa keessatti itti-gaafatama guddaa dha kan isaan qabatanii jiran.
Taayitaa Itti-aanaa Muummicha-ministaraatiin Qindeessaa Damee Bulchiisa gaarii fi Ministara Koolejii ka ta’an – Obbo Muktaar Kadir, Mootummaa Federaalaa keessatti itti-gaafatama guddaa dha kan isaan qabatanii jiran. Kanaaf — Eenyu akka Prezidaantii Oromiyaa ta’uuf jiru haga ammaatti hin beekamne. Obbo Alamaayyoo Atoomsaa, godinaa Wallagga Bahaa – aanaa Billoo-Bosheetti Abbaa isaanii – Obbo Atoomsaa Maajoo fi haadha isaanii – Aadde Ayyelech Birruu irraa, akka lakkoobsa Itiyoophiyaatti bara dhibba kudha-sagalii fi Jaatamii tokko dhalatan. Du’a Prezidaantii Oromiyaa – Obbo Alamaayyoo Atoomsaa ilaalchisuun, nama dur itti-dhiheenyaan isaan beeku tokko LONDON irraa dubbiseen. Akka lakkobsa Awurooppaatti bara 2001 irraa haga 2006-tti Prezidaantii Mana-murtii Walii-galaa Oromiyaa ka turanii fi booda gad-lakkisanii biyyaa ba’an – Obbo Tashaalee Abarraa ti. Du’a Obbo Alamaayyootti, maal akka itti dhaga’ame nuuf ibsuun jalqabu.
Obboo Juneeddii Saaddoo gara uummata isaatti deebi’uuf fedhii fi carraa qabaa? Abdii Boruutiin Dhiyoo kana mata duree “Ob. Juneeddii Saaddoo Eenyu?” jedhuun gabaasa Obboo Ahmad Saayyootiin TVOMT irratti dhiyaate daawwadhee ykn dhaggeeffadheen ture. Yaadolee namootni dhimma kanarratti barreessanis ta’e kan bakkee adda addaatti dubbatamanis argee fi dhagyee jira. Yaadolee waliin mormantu wal bukkee waan deemaa jiran nattt fakkaata. Kanaaf, anis yaadan dhimma kanarratti qabu ibsuuf jedhee barreeffama gabaabaa kana dhiyeessuu barbaade. Duraan dursee, dhimma kanarratti hunduu waan isaanitti mula’tu ibsuu fi yaada fi ilaalcha qabanis dhiyeessuuf mirga qabu. Haa ta’u malee, ani dhimma kana karaa lamaanan ilaala. Yeroo ammaa dhiyaachuun isaatis gaarummaas ta’ee badummaas qaba jedheen yaada. Akka waliigalaatti yoo ilaalame garuu, waan Obboo Ahmad dhiyeesse waanuma dhugaarratti hundaaye fi beekamus waan ta’eef, badii dalagame irraa barachuuf gorsa ta’a jedheen amana malee, waan akka ololaatti dhiyaate natti hin fakkaatu. Waanuma ta’eefuu, mee waayee kana karaa lamaan akkan ilaalu ibsuun yaala. Akka hubannoo, yaada fi ilaalcha kiyyaatti, Obboo Ahmad waanuma addunyaa kanarratti ta’e fi kan seenaan ragaa ta’uu danda’u fakkeenyota gara garaatiin dhiyeessee; seena saba Oromoo keessattis waan ta’e fi ta’aas jiru waan ibseef, warri uummata isaaniirratti waan badaa dalagani fi dalagaa jiranis; akkasumas dalaguuf deemanis seenaa kanarraa akka baratan waan taasisuuf jecha gabaasni kun dhiyaate malee, waan ololarratti hundaaye natti hin fakkaatu. Kun ilaalcha dhuunfaa kiyyaa ti. Obboo Ahmadis ittisuufii miti. Kun karaa tokko, karaa ani dubbii kana ittin ilaaluu fi hubadhu dha. Karaa biraatiin yoon ilaalu garuu, dhimmi kun dhimma dhugaarratti hundaaye ta’ullee; Obboo Juneeddiinis waan badaa uummata Oromoorratti dalagullee; kanaafis ittigaafatama qabaatullee; yeroo gabaasni kun itti dhiyaate (timing) yeroo gaarii natti hin fakkaatu.
Xinnoo waan muddamaan dhiyaate dha jedheen yaada. Maaliif yeroon kun yeroo gaarii hin taane? Muddamaan dhiyaate yoon jedhu hoo maal jechuu kooti? Gaafiilee kanaaf deebii gabaabaa kennuun yaala. Innumtuu (Obboo Juneeddiin) sababaalee adda addaatiin, fakkeenyaaf qaaneffachuudhaan yookaanis waan itti amanee hojjechaa ture sanarratti hanga lubbuun isaa dabartutti irratti cichuudhaan of dhoksuu waan maluuf, gadi bayee dubbachuuf tarii fedhii qabaachuu baatus, otuu gabaasni kun uummataaf hin dhiyaatin dura Obboo Juneeddii ofitti dhiyeessanii wajjin dubbachuun ykn haasa’uun tooftaa gaarii ture jedheen yaada. Kun silaa karaa lamaan carraa bana ture. Tokkoffaa, Obboo Jundeeddiin gadi bayee waan ta’e hundaa uummata isaatti ibsuu fi achumaanis dhiifama gaafatee, xinnaatullee boqonnaa sammuu akka argatu carraa isaaf bana ture. Lammaffaa ammoo, innumtuu (Juneeddiin) waayee kana dubbachuuf fedhii kan qabaatu yoo ta’e, mootummaa Wayyaanee keessatti nama bakkee guddaa (taayitaa olaanaa) qabaachaa ture waan ta’eef (badii inni uummata Oromoorratti dalage akkuma jirutti ta’ee jechuu kooti) waan diinni godhaa ture fi jiru akka saaxilu fi hawaasota addunyaatti akka himu malaan ittifayyadamuun ni danda’ama ture. Dhimma kana karaa biraatiinis yoon ilaalu ammoo, wallaalaa ofii gorfachuun; jallaa ofii qajeelfachuun; beekees ta’ee otuu hin beekiin, kan uummata keenyarratti badii dalage fi dalagaa jirus balaaleffachuu fi abaaruun barbaachisaa ta’ullee, yeroo ammaa yeroo tokkummaan Oromoo abdii namatti horachiisaa jiru kanatti, obsa dhabnee waan tokkotti muddamuun gamnummaa natti hin fakkaatu. Mee fakkeenyaaf haa jennuu, otuu Habashootni namticha kana (Juneeddii) ofitti qabanii dhimma ofiitiif itti fayyadamanii, hangam aararratti aara ofitti daballa?
Nama uummata isaarratti balleessa hanga kana hin jedhamne dalage/dalagde seenaanuu isa/ishii hin hirraanfatu. Innuu otuu du’ee biyyee keessa hin seenin du’ee jira. Kan du’aan addunyaarraa boqate wayya. Kan jiruudhaan du’e nama du’a lama du’e dha. Kun waan wal nama mormisiisuu mit. Kanaaf, dhimma kana itti muddamuun yeroon isaa yeroo murteessaa natti hin fakkaatu jedha. Amma garuu, akka natti mul’atutti, namtich kun karaa adda addaatiin waan of salphiseef; kanarratti dabalamee ammoo, erga inni baqatee Ameerikaa seene kanatti dafanii waayee kanaan isa simachuun, fedhiillee yoo qabaate, namtichi kun gadi bayee Wayyaanees waan saaxilu fi ofiifillee badii dalagetti amanee uummata Oromoo dhiifama waan gaafatu natti hin fakkaatu. Namtichi kun du’a lama du’ee jira; salphina hangana hin jedhemane keessa jira. Kan isaaf wayyu silaa, kan dabre dabree, yoo kutannoo fi hamilee qabaate, gadi bayee, akka aadaa hawaasa hammayyaa keessa jirutti, waan dalagamee dabreef uummata isaa dhiifama gaafachuu dha. Kana godhuunuu silaa gootummaa (jagnummaa) dha. Seenaa xuraaye sana hanga tokko xurii irraa dhiquu ta’a jedheen yaada. Gaafii guddaan garuu, Obboo Juneeddiin gara uummata irraa dhalateetti deebi’uudhaaf carraa kanatti fayyadamuu danda’a moo akkuma seenaa isaa xureesseetti dhuma lubbuu isaa eeggatee addunyaa kanarraa boqota laata? kan jedhu ta’a. Gara dhimmichaatti deebi’uu fi cuunfuudhaaf, waan Obboo Ahmad Saayyoo dhiyeesse, akka ilaalcha kiyyaatti, kan barumsa ta’uu qabu dha. Biyya keessattis ta’ee biyya alaatti, warri dhimma saba ofii dhiisanii; fedhii ofii guuttachuuf alagaa fi diina jala deemanii; uummata ofii miidhan, booddeen isaanii salphina fi badii akka ta’u hubachuu qabu.
Biyya keessattis ta’ee biyya alaatti, warri dhimma saba ofii dhiisanii; fedhii ofii guuttachuuf alagaa fi diina jala deemanii; uummata ofii miidhan, booddeen isaanii salphina fi badii akka ta’u hubachuu qabu. Karaa kanaan yoo ilaalame, gabaasni kun qeeqamuu hin qabu. Gabaasni kun dhugaa uummata keenyatti himamuu qabu dhas. Warrumti diina tajaajilaa jiranillee, beekaniis ta’ee otuu hin beekin, kan balleessa hojjechaa jiran, dhugaa kana hubatanii barumsa irraa argachuuf isaan gargaara jedheen yaada, amanas. Namni seenaa badaa hojjete, yoomiyyuu maqaa badaadhaan yaamama; du’ullee abaaramaa jiraata; kan waan gaarii saba isaatiif dalage ammoo, du’ullee saba issa biratti jaalala fi kabaja guddaa argachaa; maqaa gaariidhaan yaamama. Yoomiyyuu seenaan isa hin dagatu. Dhumarratti, gaafii tokko kaaseen, barreeffama kiyya xumura. Seenaa impaayara Itoophiyaa tana keessatti, ilmaan Oromoo alagaa fi diina tajaajilaa, uummata ofii midhaa, boodarra garuu salphatanii hafuun ykn akkuma salphatanitti du’aan addunyaa kanarraa boqachuun; sana boodas seenaa badaadhaan yaamamuun eenyurratti dhaabbatina laata? Galatoomaa! Abdii Boruu: aboruu@gmail.com
Mugootni dur fuutes Sirra yo jiraate Himadhu siif barraa Horii lammii baasaa Maqaa kee sii binnaa Maqaan baduu manna Mataan baduu wayyaa If dhaamotuu dhiisi Dhugaa jirtu baasi Badaan badaa jachuun Salphina hin qabduu Guyyaaf baraan wajji Gocha saa nuu himi Yoo kiin nuuf barreeysi Seenaaf ol kaayyannaa Dhaamsa dabarfannaa Hin dhoysinaa himaa Ittiin wal gorfannaa Mootii qabna janna Moticha dhaanamu Bulchaa kabalamu.
“UF HIN BEEKNEEN NAMA HIN BEEKTU JEDHA OROMON” Yoo namni ufii isaa seenaa gaarii hin qabnne seenaa nama biroo xureesuuf/balleeesuf yaalii godhu Jecha kana kan na jechisiise oduu dhiheenya kana maqaa TV-OROMO magaalaa Toronto jedhu dhahachuudhaan dhara dhugaa irraa fagaate fi ergaa murnna diiggaa Oromo hujii godhatee sos’aa turee fi ammas ittti jiru calaqisu dhagahuu kiyya. Namni ergaa dharaa kana facaase Obbo Ahmad Siyyoo ergamaa dha malee abbaa ergaa kanaa waan hin tayiniif nama kana irraa akka dhunfaati waa jechuu yaadee akka hin tayin naaf hubadhaa. Dhaamsi koo ergamaaf osoo hin taane abbbaa ergaa kanaatifi. Ispiikaraaf osoo hin taane raadyoodhaafi. Obbo Ahmad Saayyoo ispiikara (qorqoorrodha) sagalee dabarsa malee ufii isaa sagalee hin qabu. Yoo radion cufate Espiikari waan dhageesisu hin qabu jechaafin fakkeenaya kana kaaye. Akkuma namuu hubatu abbaan ergaa kanaa murnna bara dheeraaf maqaa Oromotin daldalaa, Oromo bakka/ganda irraa dhalateen madaalaa, faarsaa fi abaaraa yoo sana bira kute ajjeesaa as gahe dha. Kanas ragaalee adda addaa kaasuudhaan murnnni kun nama eenyummaa isaatin yookaan hujii isaatin madaaluu dhiisee bakka/ganda Oromtichi keessatti dhalteen madaalaa akka ture ilaaluu dandeenya. Naamota akkuma Obbo Juneeydii Saaddoo mootummaa wayyaanee waliin hojjachaa turan kan yeroo adda addaa mootummichaan wal dhabanii biraa deeman ilaalchisee waan murni kun (shaneen) godhaa turte maqaa isaanii fi hujii namootaa waliin wal cinaa qabnnee haa ilaallu. 1. Obbo Yonaataan Dhiphisaa- Namnni kun akkuma dhalli oromo hundi beektan nama gaafatamaa tika mootummaa wayyaanee tayee oromo hiisisaa, ajjeesisisaa, kolaasisaa fi biyya irraa ariisisaa ture dha. Gaafa namni kun mootummaa wayyyaneen wal dhabee biyyaa baqate murni kun (murnni shaneedhaa) biyya innni itti baqateti dhaqee (biyya Faransaa) nama yeroo sana dubbataa –murnna kanaa taye hojjachaa ture (Obbo Leencoo Baatii) ergee simate.
Nama Oromo ajjjeesaa fi ajjeesisaa ture guyyaa tokoti xurii fi dhiiga Oromo kan iinni harkaan laaqate irraa dhiqanii, qulqulleesanii qabasaayaa Oromo godhanii nuuf dhiihessan. Kana qofatti hin dhaabanne hoogana ABO godhani labsan. 2. Aadde Almaz Makko kanuma akka Obbo Yonaataan mootummaa kana sadarkkaa adda addatti tajaajilaa turte SBOn guyyaa tokkoti qabsooftuu Oromo goootee nuuf dhiheesite. Kun hundi kan tayeef maali jennee yoo wal gafannu deebisaan isaa murnni kun kan ilmaan oromo madaalun hujii isaa/ishee yookaan eenyummaa isaa/isheen osoo hin taane bakka/ganda oromitichi sun itti dahalateeni kan jedhuti nama geeysssa. Namootin kun lameen kutaa Oromo walllaggaa keessatti waan dhalataniif shaneen xurii isaanii guyyaa tokkoti irraa dhiqxee qabsaayota Oromo nuuf goote. Kana matati qabachuudhaan Ilmaan Oromo kan akkuma namoota gubbati kaayamaniti mootummaa wayyaanee waliin hojjachaa turanii fi mootumichaan wal dhabanii biraa deeman kan dhalootaan naannoo Oromiyaa biroo ta’an kaasnnee haa ilaalu. 1. Obboo Hassen Ali. Obbo Hassen nama gaafa presdentii Oromiyaa ture yoo xiqqqaate nafxanyoota dhiiga oromon gabbatan fincoofsisaa ture tayuun beekama. Nama Finfinneen irii ol malee lafa oromo irratti qotee bulaa oromo buqiisuudhaan babal’atu tayuu hin qabdu jechuu isaatin wayyyanotaan ciniiname biyya irraa ari’ameedha. Obbo Hassen Ali akka Obbo yoonaatan dhiphisaa kan shaneen teenya guyyaa tokkkoti xurii isaa irraa dhiqxee qulquleesitee qabsaayaa oromo tolchitee nuuf dhiheesitee osoo hin tayin nama hujiilee gaari Oromof hojjate tayuu isaa oromon akka gaariti osoo beekuu gaafa inni biyya irraa bahe murni kun maal jechaa akka ture walumaan yaadanna. 2. Obbo Juneeydii Saaddoo: Obbo Juneeydii Saaddoo kan amma murni kun guyyaa inni diina jalaa lubbuu isaa baafate osoo oolee hin bulin saroota/ergamtoota isaa irratti duulchisuuf tattafachaa jiru kun Oromoodhaaf bu’aa akkamii akka buuse Oromon biyya keeysaa raga haa bahu jennee dhiisuu irra tarreesu fi calleessun yeroo fudhata waan tayeef waan lameen takka tan inni balleese jedhamee ittiin hamatamu kaasee waa jechuu barbaada.
Kan birotis akkanuma kaasun ni dandayama. Haa tayuutii bu’aa Obbo Juneeydiin ummata oromof argamsiisan namootin biraa tarreesanii waan jiraniif irra debi’uu hin barbaadu. Tan duraa Obboo Juneeydii Saddoo gaafa teesoon mootummaa Oromiyaa Finfinnee irraa gara hadaamaa jijjiiramte hiriira dura dhaabbii barattoota oromo irratti tarkanfii fudhachuun isaa sirrii dha jedhe media irratti dubbate jedhamee hafarfamaa akka turee fi ammas kana akka ragaati kaasun yaalamaa akka jiru argaati jirra. Haa ta’uu Obboo Juneeydiin afaaniin akkas jedhaa barataa hagam akka balaa irraa hanbise kan beeknnu hagam keenya jennee yoo wal gaafanne deebisaan isaa nuti sana dura lubbuu keenya baafachuuf baqannee biyya ambaa jirra waan tayeef yoo sobnne malee dhugaa kana beekuu akka hin dandeenye ifaadha. Kan akka nama tokkoti barataa dhimma kana yeroo sanitti barattoota biro waliin Obbo Juneeyditi iyyachuuf waajira Obbo Juneeydii qaamaan dhaqe tokko irraa dhagaheen isiniif qooduu barbaada. Barataan kun OBBOO Juneeydiin baratootoota iyyannaa kanaaaf waajira isaa dhaqann waiin haala jiru erga haasawee/gorsee fi mari’ateen booda waajiraa isaa cufatee baratoota waliin booye jedhee afaan isaatin naaf hime. Kun kan mul’isu Obbo Juneeydiin yoo humnna/aangoo itti dhabe malee Oromoo miidhuuf fedhaa fi yaada akka hin qabnneedha. Waan media irrati jedhe jechuudhaan afarfamauu yaalamu kana dirqamee jechuun isaati akka malu hubachuu feesisa. Wanti guddaan yeroo saniti qabatamaan maal godhee dha. Biyya sana keessati ka ajjeesu wayyaanedha. Ka hidhuu fi furuu dandayus wayyaanedha. Kan nu hunda waliif galchuu yoo jiraate ilmaan oromoodhaa aangoo wahiin murteesuu hin dandeenye maalif qabatu kan jedhu qofa dha. Aangoo akkasii kan qabate ammoo Obbo Juneeydii qofa miti. Namni/murnni sammuu madaalawaa qabu nama aangoo akkasii qabate hunda ija tokkoon ilaaluu qaba malee kaan faarsee kaan abaaruu hin dandayu.
Kan lamataa Obbo Juneeydiin Al-Habash biyya galche jedhamee komatama. Kana ilaachisee amantiin ka abbaati. Abbaatu eeggata. Ka fedhe Al-habaash ka fedhe sunnii ka fedhes amantii biraa hordofuun mirga dhalootaan namnni qabuudha. Tokko tokkorati moosisuun sirrii hin turre. Gaafiin kiyya Osoo abbo Juneeydiin waan kana godhee maalif wayyaaneen sababa masaajida ijaare jedhuun yakkitee biyya irraa ariitedha? Haadha mana isaa maalif dhimma masaajidaatin yakkiiteedha? Ilaalchi kiyya kunis waan dhokate uf keessaa qaba (much bigger issue with the government) kanaaf isa kanaanis nama yakkuu dura waan dhugaa taye barbaadanii irra gahuu feesisa. (Let’s wait and see). Dhugaan nuti hundi irratti waliif gallu ni jirti jedhee yaada. Oromoonni mootummaa wayyanee waliin hojjachaa turaniii fi ammas hojjachaa jiran aangoon/humnna akka hin qabnne (powerless) tayuu isaaniti. Murtiin wayyanota irraa muramee itti kennama waan tayeef waniti jechuu dandayanii fi godhuu dandayanis murtaayaadha. Haa ta’uuti namoonni kun karaa isaanif dandayameen Oromoodhaaf bu’aa hin buufnne jedhanii yaaduun makmaaksa “Uf HIN BEEKNEEN NAM HIN BEEKTU “ jedhu sanati nama geessa. Dhuma irrati wanti warra mediyaa ololaa bakka bakkati banatanii oduu fi yaada qulqullummaa hin qabnne kan murnna biraa irraa isiniti kennamu qabatanii seenaa namaa xureesuu yaalatniin jedhu yoo jiraate, har’I kaleessa miti, kaleesis har’aa miti. Oromon dammaqee jira. Haguuganii naamn deemunis hafee jira. Kijibaan nama wal irratti duulchisuunis yeroon bira dabaratee jirti. Kan bu’aa qabu odeefannoo madaalawaa fi yaada ijaaraa taye qabatanii dhihaachuudha. Kan kana irraa hafe abbaa dhara leellisuu fi oromo bakka dhalootaan/ganda irraa dhufeen adda hiree kaan abaaree kaan faaruuf carraaqu yeroon si bira kuttee waan jirtuuf badii ammaan dura dalagaa turttan irraa barachuu fi karaa sirrii qabataniii deemuun irra filatamaadha.
Kan kana irraa hafe abbaa dhara leellisuu fi oromo bakka dhalootaan/ganda irraa dhufeen adda hiree kaan abaaree kaan faaruuf carraaqu yeroon si bira kuttee waan jirtuuf badii ammaan dura dalagaa turttan irraa barachuu fi karaa sirrii qabataniii deemuun irra filatamaadha. Kaan ala akkuma kaleessaa jennee jechisiifnna, abaarree abaarsifnna, kijibnnee kijibsiifnna jedhanii yaaduun doofummaa tayuu isaa haa hubannu. Gama kiyyaan kan ani Obbo Juneeydii Saaddoo fi namoota biro diinaan wal dhabanii gama oromo dhufaniin jechuu barbaadu, baga diina jalaa lubbuu keesan baafatan. Baga hammeenya diina kanaa ufii keeyssaniii arguuf murtii irra gahuuf carraa fi umrii qabaattan. Kan Oromo baasu aangoo ufii keenyaa akka saba guddatti karaa nuuf dandayame hundaan qabsoofnnee aangoo siyaasa biyya sanii harkattti galfachhuu fi Oromon nama aangoo bubuutuu nama/qaama biroo jalaan dhuftu qabatee jiraatu osoo hin taane Oromon nama ufii aangoo siyaasaa dhuunfatee nama kan biraaf akka dandeettii fi baayina isaatin aangoo hiru akka tayu Oromo aangoo siyaasaa dhuunfachiisuf qooda isin irraa eegamu gumaachaa isiniin jedha. Kan dabrreef hamtuu fi toltuu dalagdaniif kan isin madaaluu fi isn gaafatuu, isin abaaruu fi isin faarsu hamilee gahaa itti qabu ummata oromo biyya keessa waliin turtan malee baqataa TV-interneetaa irraa wacu miti. Galata qabdu @Boonaa
Amma yoomittii Meeshaa Wayyaanee Taanaa? Ifaatiin Wayyanee Nu Hin Gahuu? Sababa “misooma waliinii” jedhuun godina addaa naannawaa finfinnee magaala finfinnee jala galchuuf akkuma karoorfametti yeroo ammaa pilaanii waliinii kana hojiirra oolchuuf sochiin guddaan godhamaa akka jiru odeeffannoon karaa mootummaa ballinaan nutti himamaa jira. Akka maastar pilaanii harawaa baheetti bulchiifni magaalaa finfinnee lafa heektaara kuma 54 fi godinni addaa magaalota 6 fi aanaalee baadiyyaa 17 walumaa galatti lafa keektaara miliyoona 1.1 kan haammatu dha. Kan nama gaddisiisu garuu dhimma kana ilaalchisee dhaabbilee fi namoonni Oromoo bakka buuna jedhan tole ykn bade jechuu dadhabuu isaaniiti. Kuni gaaffii guddaa dha. Ummatni naannoo kanaa uummata Oromoo godinaalee kamiyyuu caala rakkoo guddaan saaxilamaa kan jiruudha. Sababni isaa ammoo magaalaa guddoon biyyattii uummata kan gidduutti hundeeffamuu isaati. Mootummoonni hundi miniliki irraa eegalee hanga ammaa kan jiran uummata kana buqqisuu malee ijaarsa guddina magaalaa kana keessaatti osoo hin hirmaachisiin lafa isaanii irraa fudhachuun akka uummanni irraa buqqa’ee badu godhamaa tureera ammas itti fufee jira. Sababni Oromoon naannoo kanaa caasaa mootummaa federaalaa fii bulchiinsa magaalaa finfinnee keessaatti hirmaachuu dhabeef sirni mootummaa miniliki irraa eegalee hanga ammaatti kan jiru Afaanii fi aadaa saba kanaa jibbuu fii jibbisiisuun afaanii fi aadaa isaanii fudhachuu dhabuun uummatni kun akka aadaa fii afaan isaatti qaana’u/saalfatuu fi gadaantummaan itti dhagaahamuu itti yaadamee waan hojjetameefi. Sirna amma jiru keessatti naannawaan kun yeroo jalqabaa godinaalee shawaa arfan jalatti caaseffamanii akka bulan godhamee ture. Yeroo dhihoo qabee ammoo maqaan godinaa addaa naannawwaa finfinnee jiedhu kennameefii jira. Garuu caasaan ammaa jirus ta’ee kan duri uummata kana buqqisuurraa hin ambifne.
Rakkoon uummata kana qunnamaa turee fi ammas jiru lafarraa buqqa’uu qofa osoo hin taane, sababa keemikaala industrii adda addaa keessaa baahu osoo kunuunsi naannoo hin godhamiiniif gadi gallakkifamaniin faala’iinsa bishaanii fii qilleensaatiin dhibeen sanyii balleessu (genetic problem) tiin saaxilamaa jiru. Gama siyaasaatiin yoo ilaalle fedhiin habashootaa uummatni kun akka buqqa’u gochaa jiraniif, Oromoo fi Oromiyaa kan jedhu giddu gala biyyatti irraa fageessuun tokkumman Oromoo akka hin cimne gochuudha. Karoorri waggaa 25 dhufutti karoorfamaa jiru naannoo shawaa jedhamu hanga kilo meetira 150 mootummaa giddu galeessaa keessa galchuu dha. Kana jechuun maappiin Oromiyaa ammaa bakka saditti cituun dirqii ta’a. Kun ammo tokkummaa Oromoo akka cabsuu beekkamaadha. Bu’aan siyaasaa kanaan wal-qabatee irraa argatan, naannoon Oromiyaa jedhamu tarii sodaa naannoon kun gara biyya Oromiyaa jedhamutti ce’uu danda’a jedhamee shakkamullee abdii akka hin qabaanne gochuudha. Karaa biraatiin tuffii uummata kanaaf qabaniin buqqa’iinsii fi rakkoon saaxilamuun uummata kanaa habashootaaf homaa jechaa miti. Kanaaf jecha Oromoonni hundi dhimmi kun nu hin ilaalu jennee ilaalla taanaan (hanga ammaatti callisnee ilaalaa jirra), rakkoon kun rakkoo uummata kanaa qofa akka hin taane beekuu qabna. Giddu galeessi biyyatti hanga km150 Oromiyaa irraa cite taanaan maqaan Oromiyaa jedhu akkamitti jiraachuu akka danda’a namni sammuu qabu yaaduu waan danda’uu dha. Karaa biraatiin uummatni tokko lafa irratti dhalatee, horee, jiraate irraa sababa misoomaatiin buqqa’uu jechuun namni kamiyyuu akka dhala namaatti callisanee ilaaluun rakkoo maaliirraa akka maddu naaf gala hin jiru. Hardha lafa irraa buqqa’uunii fii weerrarri lafaa maqaa inveestaraan naannoo Gaambeellaa, Beeneshaangul, uummattoota kibbaa miidiyaa addunyaarratti darbaa jira.
Kan qote bultoota naannoo finfinnee garuu akka waan hojii qulqulluu ta’eetti namni abbaa kanaa jedhu hin jiru. Kuni maaliif ta’e laata? Ammas kan anaan nadhibaa jiru callisuu habashootaa ykn mootummaa Itiyoophiyaa miti. Kan ajaa’iba natti ta’aa jiru kan Oromoota mirgaa Oromoof qabsoofana jedhanii sadarkaa adda addaatti wal-ijaaraa jiraniiti. Dhimmi kun dhimma Oromoo fi ajandaa Oromoo hin taane yoo ta’e ammo ifaan ifatti itti himamee uumatni kunis baree furmaata mataa isaatii qopheefachuu qaba. Akka qaama Oromoo fii Oromiyaatti dhimmi uummata giddu galeessaa kanaa Oromoota naannoo biroo biratti fudhatama hin arganne taanaan, faayidaan waliin jiraachuu maalinni? Uummatni kun karaa isa baasuun mirga dhalootan qabu addunyaatti iyyatee ofiisaatiin Oromiyaa irraas ta’ee finfinneen ala of bulchuun aadaa isaa fii afaan isaatiin dhimma bahuu akka danda’us baruu qabna. Uummatni kun osoo rakkoo irra jiruu lafa isaa kan saamaa jiru habashoota ykn mootummaa qofa miti. Oromoonni naannawaa biroo illee lafa uummata kanaaa saamaa jiru. Kanaaf uummatni kun fedhii mataa isaatii hin qabu kan jiraachuu qabu faayidaa namoota birootiifi moo maal jechaa dha? Dhimmi kun kan akka salphaatti ilaalamuu miti, boru hunda keenya akka Oromootti kan nu gaabbisiisu ta’uu irra deddeebinee osoo ilaallee gaariidha. Waggaa 100 oliif sabni kun ba’aa nafxanyootaa baatee jira. Ammas rakkoo bara minilikii caaluun saaxilame malee waanti bu’eef hin jiru. Adeemsa kanaan gara fuulduraattis yoo Oromoon akka waliigalaatti mirga isaa gonfate iyyuu uummatni giddu galeessaa kanaatiif waanti bu’u akka hin jirre muuxxannoo argame waan tokko nutti agarsiisaa jir! Qaamni kamiyyuu maqaa Oromootiins ta’ee habashaa kan barbaadu uummata kanaaf akka darbu osoo hin taane lafa uummata kanaa saamuu akka ta’e hubannoon hedduun argamee jira.
Qaamni kamiyyuu maqaa Oromootiins ta’ee habashaa kan barbaadu uummata kanaaf akka darbu osoo hin taane lafa uummata kanaa saamuu akka ta’e hubannoon hedduun argamee jira. Giddu galli Oromoo fii Oromiyaa osoo horfamaa jiruu fi qaamni afuura baafatu bakk hin jirretti bilisummaa Oromoo fi mirga Oromoof qabsoofana jechaa of gowwomsuu Oromo saamsisuufi meeshaa alagaa ta’uu otoo dhiifnee gaarii natti fakkaata. Galatooma. Siifjechan@gmail.com
SEENAA GABAABAA BOSONATTI BAHUU FII QABAMANII AJJEEFAMUU JENERAAL TADDASAA BIRRUU FAA Tokkicha Abbaa Milkiin Waan gootota kanaa bal’inaan bareessuuf osuman taa’e yaaduu Aaddee Foolii Gorbaa -haatii Koroneel Hayilu Raggaasaa nadursani.Lubbuun jiraatanii seenaa kana baasuun isaanii bayy’ee nagammachiisse hamilee koo na kakaase.Ammas waaqni dhugaa umrii dheerafi fayyaa isaanii haakennuuf. Issan ilma dhabanii gubachaa wagaa afurtama kana dabarsanii uummanni Oroomoo ammoo erga du’a jara sanaati hooggana dhugaa dhabee hooggana fajajuu fi foorjidii jalatti kufee wagga afurtaman darban kana Taaddasaa fii Hayiluu kumaatamaan lakkaawwaman jalaa wareegamaa har’a gayee.Kuni yoo mirra,qalbii, onnee Oromoo tokkoo hinfonqolchine maaltu fonqolcha laataa? Gara ijoo dubbii kootittan deebi’a: Jeneraal Taaddasaa Birruu uuggura mootummaan H/Sillaasee irra kaahe jalaa mootummaa Dargiitin dhiifamni godhameefii bahuun isaa ni beekkama.Akkuma uugura irraa baheen qabsootti deebihee ABO ijaaruun Hayyu Duree jaarmichaa ta\’e filatamuu isaas seenaan jaarmichaa hin haalu.Ijaarramuu jaarmiyaa kanaa keessatti hayyoonni MACCAAF TUULAMAA duraanii fii ajejoonni waraanaa dhalootan Giddu gala Oromiyaa(Shawaa) ta\’an jaarmiyaa keessatti baayyinaan aangoo qabachuun saanii kan isaan hingammachiisin qareeyyin (elites) dhalootan naanno Wallaga ta\’an namootni lakkoofsa yertuun -leellistoota Soshaalizimii turan- ( Few Socialist oriented Wel lega Oromoo elites) mala jarra kana ittin dhabamsiisanii aangoo ittin dhuunfatan qindeeffatanii hojiirra oolchutti ka\’ani.Jarri kuni jaarmiyaa ICAT fii MAESON jedhaman kan tokko tokko keessatti margee daangaan isaaniirre hinbeekamne ijjaarratani Dargii wajjin akka hojjachaa turaniif yeroo sana nama waayee Bilisummaa Oromoo dubbatu akka ajjeesaa yookin ajjeechisiisaa turan seenaa keessa dabarre waan ta\’eef nama nuu qoratee raggaasisu hinfeenu.Garuu, lubbuu Oromoo meeqaatu sababa kanaan harka saanitti darbe kan jedhu qormaata gadi fagoo barbaachisa.
Gara hala ABO keessatti yoon deebi’u jarri kuni kallattiin mormanii adeemasa sana dhaabuu akka hindandeenye waan beekaniif harka lafa jalaatin shirra diigu jalqabani.Raawwiin jalqaba lafaa ittin ka’an “Qaboo Yaa\’i\” jaarmichaa konkolaataa Koroneel Ha\’ilu Raggaasaa keessaa hatanii waan akka basaasota Dargiin fudhatamee fakkeessanii Mangistuutti kennameetti odeessuu jalqabani.Kanaafuu Mangistuun isaan ajjeesuuf akka barbaadaa jiru fakkeessanii hatattamaan akka bosonatti bahan wareersanii manaa baasani.Namoota yeroo san bahan keessaa : 1-Jeneraal Taaddasaa Birruu 2-Koloneel Hayilu Raggaasaa 3-Shaalaqaa Ababaa G/Maaram 4-Dajjaazmaach Kabbadaa Bizunesh (goota bara xaaliyaanii akkas jedhee uummanni sirbaafii ture) \” Kabbadaa Bizuneshi Goorotti dachaasee hundumashii Kabbadaa yaa kabbadaa Maa akkana goggootaa biyya badaa\” 5-Takluu Tasammaa-dhalataa Meettaa Roobii yoo ta\’u yeroo sana nama bulchaa Ona sanii ta\’ee hojjachaa oso jiru waayee qabsoo kanaa fudhatee nama itti makameedha. Kana booda itti makamanii naamusaan deemuu dinnaan murtee Jeneraal Taaddasaatin kan of biraa gaggeessan ijoollee abbaa lafaa kan akka: 1.Taayyee Maammoo Sorsuu-kan tsaxitaa H/Sillaasee keessa hojjachaa turee labsii lafaa falmuu ba\’e, abbaan Taayyee Maammo Sursuu bara mootummichaa amma gaafa du\’utitti bulchaa Ona Ada\’a Bargaa kan turedha. Taayyeen naannoo Incinniitti ajjeefame. 2-Ajjamaa Irkoo Bultoo-Kan obboleessi gootota beekkamoo bara Xaaliyaani Garbii Bultoo Hundee Bultoo, Qaalluu guddicha Salaalee kaasee Hanga Bchootti beekamuWalee Bultoo Dhalchu ilma Hirkoo Bultooti. 3.
Alamaayyoo Lammaa dhalataa biyyasii ta\’us abban isaa amaara akka ta\’e kan beekamu -Egaa Ajjamaaf Alamaayyoon dargaggeeyyi umriin saanii digdamoota keessa ture yoo ta\’an qabeenyaa lafaa warra saanitin kan jiraatan yoo ta\’u labsii lafaa falmuuf bahanii jaratti makamuu yaalanis jarri yaada saanii laalanii waan ofbiraa gaggeessaniif kophumatti oso sochoo\’anuu uummanni itti marsee rasaasan madeessee erga qabee booda murtii uummataatti dhiheeffamanii kan du\’aan adabamaniifii kan biroollee kan barreessan kuni maqaa saanii hinqabatin keessatti argamu. Karaa Salaalee ammoo Qanyaazmaach Mulu Hasanuufi namoonni isaaniin hoogganaman akkasumatti bahanii akka turan niyaadatama. Wanti nama gaddisiisu yeroo kuni hundumtuu dalagamu qophiin tokkoyyuu hintaasifamne.Jarri kuni tasuma ka\’anii harka duwwaa hidhanno malee manaa bahani.Kunis itti yaadamee labsii lafaatin walqabatee akka ta\’u waan sagantaayee hojjatanme fakkaata.Akkuma isaan bahaniin oolee oso hinbulin labsiin lafaa Bitootessa 4/1975 labsame.Kunis kanta\’eef mootummaanillee qabuu dadhabu waan akka labsii lafaa mormuu bahan taasifamee irratti ololuufii qotee bulaan \”lafa argate\”adamsee akka fixu mirkana waan tureefi. Dantaa quba wal hin qabne,garuu galiin irratti kan waliif galame ta’ee argame. Xiinxaltoonni siyaasaa barasii garuu \”Dargiin labsiocha kan baase itti yaadee sagantaa qabatee oso hinta\’in qabsoo eegalun jarreen kanaa rifachiisee qotee bulaan Oromoo akka isaan hinsimannee fi wajjin hinhirirre taasisuuf \”akka ta\’e irra deddeebi\’ani ibsuun saanii ni yaadatama. (Kanarratti Obbo Zaggayyee Asfaawu waan beekan waan qabaniif dhugaa isaa oso uummata Oromooti ibsanii senaa qulqulluu argachuun ni dandama jedheen amana.)
Gara jaraatti yoo deebinu bahinsa saaniitiif qophiin tokkoyyuu akka hinjirre ,dursanii iddoo qopheeffatan akka hinqabne,wanti hunda calaa nama gaddisiisu meeshaa namtokkeellee of harkaa akka hinqabne barreessan kuni dirree isaan keessa sochoo\’aa turan dhaqee isaan qunnamuun ragaa qabatamaa ijaan argee afaan isaanitirraa odeeffannoo sududaan argatee ture.Namoonni hanga sana bilchaatani qabsoo uummata Oromoo hoogganuuf guurmaahan keessattu kan jaarmiyaa hangafa Oromoo -Walda\’a Maccaaf Tuulamaa hogganaafii gidiraa adda addaa argaa turanii fii hoggantoota waraana ciccimoo kan turan dogoggora akkasii ni hojjatu jedhamee yaaduun nama dhiba.Shiftaan baaddiyyaatuu yoo yakka hojjatee manaa bahu lafa itti of dhoksuu danda\’u dursee itti yaadee meeshaa fi rasaasa gahaa wajjin qopheeffatee baha.Jarri kuni qophiidhuma ammasiitu hinqaban turani. Asirratti isaan dogoggoran jechuu kootii miti, isaan akkuma wal amantii Oromoo jidduu jiruutti warra waan hundumaa isiniif guunnaa akka asitti hinqabamne bahaa jedhaniin sana amananii akka bahan dubbachaa turani.Jarrii garuu, guutifiin hafee garagalaniituu hin ilaalle.Horridhuma galaa ittin godhatanirree akka ergamuuf kan gaafatan oso hinerginiif harkuma firoota isaanii irratti kufanii rakkachaa oso jiranuu akka qabamanii dhuman barreessan kuni quba qaba.Lafti isaan qabsoo kanaa filatanis Godinaa Lixa Shawaa Ona Meettaa Roobii iddoo dhaloota Koloneel Hayluu fi Dajjaazmaach Kabbadaa naannoo gammoojji laga Mogor yoo ta\’u lafa Finfinneeraa km 100 caalaa hinfagaannee dha.Lafti kuni dhuguma qabsoo sanaaf mijataadhaa? Kufaatiin ABO kan duraa sanirraa jalqaba.Uunkuraan ammaa kunis yeroo saniis numa ture. Akka jarreen yeroo sana dubbachaa turanitti meesha fii loltuun isiniif ergama ,waan barbbaachisu hundumaa isiniif guutama akka asitti hinqabamne hattattamaan bahaa jedhamanii qophii tokko malee akka bahan dubbachaa turani.Loltuun Shaambal Gabbataa nama jedhamuun hoogganamu kumni lama karaa Jalduu bahee akka isaan dhaqqabu akka itti himames dubbachaa turani.Garuu suni hinmul\’anne.Barreessan kuni Jeneraal Taaddasaa fii Koroneel Hayiluu naannoo Shinoo jedhamuutti uummata naannoo sanaatiif kaayyoo saanii ibsanii erga xumuranii booda qunnamuun jarri lachanuu meeshaa waraanaa akka of harkaa hinqabne argee jira.Meeshan waraanaa isaan bira turte M1 Takluu Tassamaa qabatee deemu qofaa akka ta’e hubatee ture.
Sana booda marii adeemsifameen barreessan kuni jara kanatti makamee wajjiin qabsoo adeemsisuuf akka barbaadu yaada dhiheessee ture.Jarri lachanuu garuu akka Finfinneetti deebi\’e barattoota gurmeessee qabsoo siyaasaa eegalchiisuun xalayaa(pamphlet)garagaraa baasuun akka facaasan dirqama itti laachuun gara Finfinneetti deebisan.Dirqama kana yoo kennan qarshiin jaarmichaa kan miseensota irraa guurramme Birrii Toophiyaa $300,000.00 Obbo Darajje Dheerressaa fii Doktor Yohaannis Warqineh harka waan jiruuf isaan ammoo qunnamuun kan danda\’amu karaa nama Obbo Kabbadaa W/Gabriel jedhamu nama mana sagadaa Ortodooksii Isxifaanos jedhamu fuul duratti waajjira dhuunfaa konkolaataa itti kireessan\”Nyala Tours\” jedhamu qabu akka ta\’e ibsanii waraqaa koodiidhaan barreeffame laataniifi qarshii ittin hojjatamu isaanirraa akka fudhamee hojjatamu fii isaaniifis qarshiin ittiin sochoo\’an akka ergamuuf xalayichaan dhaamanii Finfinneetti deebisani. Barreessan kuni dirqama kana fudhatee akkuma deebi\’een odeeffannoo kana barattoota Yuniversiti Finfinnee tokko tokkotti dabarsee odeeffannichi babal\’atee gaaffin waan dhufeef walgayiin lafa-jalaa mooraa 6 kiiloo keessatti adeemsifame.Namoota walgayii kanarratti argaman keessaa barreessan kuni kan amma yaadachuu danda\’u-Abboomaa Mitikkuu, Mitikkuu Tarfaasaa, Yohaanis Bantii (Galaasaa), Dambii Disaasaa, Abdataa Guutamaa,kanneen har\’a biyya keessa jiran maqaa isaanii asitti dhahuun balaa irran gahuu danda\’u fii kan biroollee barattoota hedduutu qooda fudhate. Haala kanarratti halkan guutuu mariin adeemsifamaa bulee wanti irra gahame koreen ijaarramee barattoota gurmeessuun gareen tokko bosona dhaquun jaratti makamee qotee bulaa keessa seenuun hojii siyaasaa akka hojjatuuf gareen biraa ammoo Finfinnee keessatti hojii siyaasaa akka hojjatu walii galamee. Garee isa bosonatti bobba\’u hoogganuuf murataan namaa Abboomaan fedhii saatiin dirqama fudhatee, garee sanas barreessan kuni geessee akka jaraan walqunnamsiisu dirqamni laatameefii qophii barbaachiisaa xumurree bultii gabaabaa keessatti walitti deebi\’uuf murtaayee addaan baane. Barreessan kuni akka walii galametti dirqama saa bahuuf egaa turullee nama deebi\’e isa qunnamu waan dhabeef namoota murtee sana dabarsan tokko tokko barbaadee dubbisuyyuu dubbin akka gaafa walgayichaa ta\’uu didde.Jarri gaafas dhaadatanis sagalee qabbanaawafii jibbaan yeroodhaf qophiin taasifame waan hinjirreef homaa gochuu hindandeenyu jechuun waadaa saanii diigani.Sana booda barreessaa kana karaattuu yoo argan dubbisu lagatan.Egaa dhugaan jiru barattooni suni duraa yoo akkasitti dhaadatan kiyyoo jaraaf kiyyeeffame iccitii isaa hinbarre turani. Hojii kana hojjachuuf warra saaniitin yoo mari\’atan garuu akka adabatanii taa\’an waan itti himameef of duuba garagalani.
Yeroo dheerra oso hinturin qarqaarsuma sab-gantoota Oromootin Jeneraal Taaddasaani fi Koroneel Hayiluun qabamanii duuti itti murtaayee jechuun yoo ajjeeffaman Taklu Tasammaa gaafuma isaan qabaman jagnummaan irratti lolaa ture loluma sanarratti wareegame.Dajjazmaach Kabbadaan Shaalaqaa Abbabaa waliin ta\’un hafanii lola hedduu akka adeemsisaa turan barreessan kuni quba qaba.Dajjazmaach Kabbadaan wagga ja\’af dargii cinqaa turee booda akka wareegame nibeekkama.Waa\’e Shaalaqaa Abbabaa garuu ergasii barreessan kuni waan dhagaye hinqabu.Qanyazmaach Mulu Hasanuufi hordoftoonni isaaniis lola hedduu adeemsisuun Dargii muddaa turanii boodarratti wareegamanii jiru. Egaa kuni hundumtuu ta\’uu kan danda\’e shiira gareen olitti tuqe xaxeen akka ta\’e namoonni ragaa bahan jiraachuu ni malu jedheen yaada.Aadde Fooliin hanguma beekan Jaagamaatu gane jedhan malee dubbin gara biraa jirti .Dhuguma Jaagamaan harka keessa hinqabu jechaa miti. Tarii bobbaan Shaambal Gabbataa fii loltoota 2,000 waan isa laallattu natti fakkaatti. Hundumaafuu SIIDDAAN UUMMATA OROMOO TAADDASAA BIRRUU FII GOTOTA BOBA\’AN kan akka HAYILU RAGGASAA akkasitti wareegamanii . Obboleeyyan koo ijaa qalbiirraa nahambisaa. Waan garii iciiti dhimma sabaa olaanaa ilaaluu wajjiin du’uleen numa jiraata. Haata’u malee namootni yertuun bara baraan qabsoo bilisummaa Oromoo gootni meeqa akka itti wareegame beekaamaa ta’ee osoo jiruu, namootumaan yertuun kufaatii keenyaaf ka’insa irraa sababaa ta’an eenyuffa akka ta’an osoo beeknu calliisaa ture. Yoo dubane badii kana caaluu fidaa laata jechuun caliisne. Kan na aarsee waa jechuu barbaade namootni du’an silaahuu du’an, kanneen lubbuun jiran ammo badii balleessan kana irraa barachuu fi uummata Oromoo dhiiffama gaafachuun hafee badii sadaffaa jalqabu isaaniitti.
Kan na aarsee waa jechuu barbaade namootni du’an silaahuu du’an, kanneen lubbuun jiran ammo badii balleessan kana irraa barachuu fi uummata Oromoo dhiiffama gaafachuun hafee badii sadaffaa jalqabu isaaniitti. Ammas Kanatti fuftee maal hojjette jechuun keessan ni malaa ,kanalee haala isaa laaleen ittfufa. Oromiyaan ni bilisoomtii ! !! Tokkicha Abbaa Milkii bariitee@ymail.com
Boyyee fi karkarroo Boyyeef karkarroo godeeyyii bineensaa Manamoo daggala galmi keessan eessaa Booyyeen manas gala bifti isaa waa lama Midhagan si caalaa karkarroodhaan falma. Keellan najjaranii waa hunda nasooru Akkakee waa nyaachuuf bakka hunda hin jooru. Jedhee itti dhaddate Boyyeen inni adii Silas dhaabbii hin qabu, kaata oliif gadi. Karkarroon Boyyeedhaaf deebii yoo deebisu Ani baayye’e hin caraanu ofis hin dhadessu Foonkotu jabaadha danfi na hin bilcheessu Ati waan hunda nyaatta tokkolle hin balfattu Qalani si nyaatu mirgakee hin falmattu!! Eyyee dhugaa jette foon koo jaallatamaa Adii fi gurraachatu qaalomakoo hima. Akkakee hin balfamu Namni na hin toobbatu Foonkootu qoricha kan namnu na nyaatu. Falamiin jabaatee araarri waa dhibnaan Tokko-tokko mohuun silatis laazima Himata dhaqani gama is cimaa Isa kamtu wayya walitti dhadhaamaa Isa isaan fakkaatu bifaa fi qalamaan Waraabu filachuun qabatan beellama!! Angafa himachuun himannaa egalani Warabuu hamaadha feetu galmi isaani Malirra waldhibdani maal rakkoon keessani Nagaa waldhorkachuun fincila kaasatani. Yaa Booyee maal jetta? Karkarroo himadhu Waa na kajeelsisa, waanan alalfadhu. Wallaala fi godeeyyii Booyyee fi Karkarroo Waraabuu filachuun seenan atakaroo. Wayee binewwani yogguutiin goolabu Lafti hundaa baata silas hin dadhabu. Hoofuu ya waaqayyoo kan waa hundaa uumte Daangaa itti hin goone bilisa gad-dhiiste. Kan waa hin haalle kanneen akka Gaarerraa Dhuguma uumaakee gadoo fi akka gaaraa Akkuma tahee qubni quba caala Inni kan daddabaa kaan baye’e diriira Mukuma keessallee mukni muka caala. Kan kana fakaatu fakkoo bineensota Qomoo qomoo nyaatu gad-anti dhaloota Isaan kun namamoo dhuguma bineensa Ani kana nama hin jedhu dhugumaan bineenssa.
Kan kana fakaatu fakkoo bineensota Qomoo qomoo nyaatu gad-anti dhaloota Isaan kun namamoo dhuguma bineensa Ani kana nama hin jedhu dhugumaan bineenssa. Ana na rakkisa kana nama jechuu Kan saba isaa ganee qochomasaaf cichu. Kan waa hin balfanne kanneen akka Booyye Kan ofiin of ganu halagaatti boohee!! Goobana ilma Daace maal isaa yakkina Kan otoo arguu jaame waa meeqa argina Daaceen wallaleedha jaamaa akka Gidaada Gantuu gadii sanyii dhugaa nyaattu garba Jaarraan keessa jirru qarooma baraadha Gidaada balfama xurooftu shamaadha. Seeenaa gotowwani qochomaaf dhiisanii Haqa jiru dhoksuuf soba afarsani Boyyeedhaaf karkarroo copha jaarraa kanaa Daaceedhaaf Gidaadaa Rafuufuu akka dhama Maal baasuuf dhama raasuu? Dhugaa dhadhaa hin bahu Gidadaa fi Daaceen ajaa shururkahu Akka nu hin gurgurreef sabni haa qophahu, ha gurmaahu!! Saaxil Norway irraa**
Innaa lillaahi wa innaa ilayhi Raaji’uun.. Du’a 3 aalimticha guddaa Haaji Zeeynuutiif jecha imimmaan keenyaahuu odoo hin qoorin Du’a sheekh Mohammed Rashaad lammada dhageenye.. Torbaan tokko keessatti Du’a Ulamaa gurguddoo lama tan biyya teenyaa dhageenye (laata, Ulamaa’iin bikka Miidiyaan hin jirre jirtu, ta nuti isaan hin beeyne meeqaatu aakhirame?? allaahu a3lam).. Hanga fedhe namni tokko tokko yaadaan wal dhabullee Duuti Ulamaa’ii musiibaa guddoodha.. Ulamaa’iin Urjiidha, Aalimni tokko du’e jechuun Akka waan urjiin ummanni islaamaa karaa isaanii ittiin ibsatan takka dhaamtee jachuudha (lakkuma Ulamaan dhumtuuni yoo bikka bu’aan hin jiraanne Dukkanti ummata Islaamaatti babal’achaa dhufti).. Rabbi Ulamaa’ota keenya gurguddaa lamaan aakhiraman kana keessatti Obsa nuuf haa keennu, hunda nama muslima taheetiifuu.. Hulaa torbaan kana keessatti ummata islaamaatti banamte tanaas Rabbi bakka bu’aa irra caaluun nuuf haa cufu.. Rabbi tokkummaa ummata islaamaa haa badhaasu.. Garuu wanni nu hundinuu itti yaaduu qabnu, Duuti ulamaa’ii Namni Diin keenya nu barsiisu tokko nurraa irrachuudha nu garsiifti.. laata zamana Aaakhiru zamaan kan Rabbiin Du’a Ulamaa’iitiin ilmii fuudhatu san keessa jirra moo???.. moo akka Rabbiin ummata sanirraa nu hin goone Ulamaa teenyaa bikka buunee Diin Rabbii babal’isuuf gahee keenya bahaa jirra???.. tattaaffiin nuti ilmii barannee dhaaltuu anbiyootaa tahuuf godhaa jirru gahaadhaa???.. hangam takka nurraa namni diin barachaa jiru???.. Yaa Obbaleeyyan kiyya, of duuba deebinee lubbuu teenyaas haa yaadannuu.. Duuti arra Ulamaa’oota keenya fudhatte tun takka takkaa keenyarraahuu hafuuf hin jiraattu.. kaasa arra isaan irraa habbuuqan ykn dhandhaman kana nutiis dhandhamumaaf jiraannaa beekaa ((kullu nafsin thaa’iqatul mawt)).. Duba Ulamaa’iin teenya kheeyrii dabarfatanitti dabran.. dogongora isaaniitiis (yoo qabaatan) Rabbiin haa araaramuuf.. anaa fii ati hoo maaliin fuula Rabbii dura dhaabbachuuf jiraanna??
Yaa Obbaleeyyan kiyya, of duuba deebinee lubbuu teenyaas haa yaadannuu.. Duuti arra Ulamaa’oota keenya fudhatte tun takka takkaa keenyarraahuu hafuuf hin jiraattu.. kaasa arra isaan irraa habbuuqan ykn dhandhaman kana nutiis dhandhamumaaf jiraannaa beekaa ((kullu nafsin thaa’iqatul mawt)).. Duba Ulamaa’iin teenya kheeyrii dabarfatanitti dabran.. dogongora isaaniitiis (yoo qabaatan) Rabbiin haa araaramuuf.. anaa fii ati hoo maaliin fuula Rabbii dura dhaabbachuuf jiraanna?? Sinqiin teenya maali laata???? yaa Allah.. Guyyaa fuula Rabbii dura dhaabbannee diin Rabbiitiif waan gumaachine gaafatamnu san, deebiin keenya maali?? yaa Subhaanallaaaaah.. guyyaa sun najaa bahuudhaaf arraan tana sinqeeyfachuun.. deebii guyyaa sanii arkachuuf arraantana qophiin.. Ulamaa teenya Tan Jirtu Rabbi umrii barakaa sabaata wajjiin nuuf haa dheereessu.. Tan Duute Rabbi haa araaramuuf, kheeyrii kheeyriin galcheefi dogongora isaanii immoo araaramaan haa dabruuf.. Caalaa isaanii bikka nuuf haa buusu.. nutiis warra isaan bikka bu’ee diin Rabbii babal’isuuf tattaafatu nu haa godhu.. Aaaamiin.. (By Anas sheikh Abdurahman – Damota)
AQIIDAA SHEEK DR. MUHAMMAD RASHAAD ABDULLEE ********AQIIDATUL OROMIYYAAH KUTAA 3FFAA********* Urjii Ahmad Aqiidaa Ulamaa’ii Oromoo tan Ahbaashiitiin wal bira qabuun “Aqiidatu Oromiyyaah” Kutaa 2 qopheeysee jira. Kutaa 3ffa keessatti Barruun amma dura “Sheekh Muhammad Rashaad Ahbaashii Albaase” jechuun barreeysen foyyeessee qabadhee dhufe. Dubbisaa hubadhaa, Wal hubachiisaa! Ahbaashiin Amantii Islaamaa keessaa qooda hin qabdu! >>>>>Dr. Sheekh Muhammad Rashaad Abdullee seenaa Isaa gabaabinaan. Bara 1934 Abbaa Isaa Kabiir Abdullee Kabiir Maammayyaa fii Haadha Isaa Faaximaa Shurraa Irraa dhalatan. Bakki Dhaloota Isaa Ammoo Goodina Harargee Lixaa Liga Arbaa bakka jedhamutti. Joollummaaan Abbaa Isaa Kabiir Abdullee irratti Quraana irraa eegalee barnoota jalqabaa baratee jira. “Kabiir” Jechuun maqaa sadarkaa kan nama Ilmii Islaamaa barsiisuuf kennamu. Abbaan Isaa Ilma Isaa Sheek Muhammad Rashaad ilmiif kennee deemii baradhu je’ee Eebbiseen. Sheek Muhammad Rashaad haaluma saniin barnootaaf biyya keessatti barataa erga ture. Hajjii fi Umraaf gama Su’udii deeme. Achiin Filisxeemii Fii Shaam ykn Suriyaatti barachuu jalqabe. Barnoonni Inni Shaam/Suriyaatti barataa ture Barnoota Islaamaa gosa hunda ture garuu dipiloomaa fii digrii wanni je’amu achi hin jiru. Akkuma Ulamaaii durii baratanii Ijaazaa ykn barsiisuuf hayyama fudhatan. Booda sheekni Azhar Osuma Almii baratee jiruu seene. Bara 1962 Usuulu diiniin tokkoffaa bahuun Preezidaantii Misraa kan yeroo sanii Jamaal Abdu Naasir irraa badhaasa fudhate. San booda Azhariin Somaaliyaa keessatti akka barsiisu Isa ramade. Achi booda Qorannoo Afaan Oromoo fii Somaalee irratti godheen Qubee Afaan oromoo tan amma itti fayyadamaa jirru tana waan qopheeyseef Doktorummaa Isaa argatee jira.
Bara 1965 – 1984 Raadiyoo Moqaadishoo jiruun Afaan Oromootiin Seenee fii barnoota Islaamaa dabarsuun ummata Oromiyaa keessa jiru bakka Raadiyoon sun dhagayamutti barsiisaa ture. Kitaaboota hedduu Afaan Oromootiin hiikuun saba Isaa guutuu fayyaduu dandahee jira. • Tafsiira Afaan Oromoo Sagalee fii barruun. • Aqiidaa Xahawiyyaah Sagalee fii Barruun. • Arba’iin Nawawii barruun • Sadarkaa Rasuulaa s.a.w • Abuu Shujaa fi kitaaboota 20 ol qopheeysee jira. Ulamaa’oonni keenya hedduudha. Hunda Isaanii Rabbiin Jannataan galata Isaaniif haa deebi’u. ~~~~~~~~~ AQIIDAA DR. MUHAMMAD RASHAAD~~~~~~~~~ Amma gama Aqiidaa Isaa hoggaa seenne, Kitaabni Aqiidaa Xahawiyyaa Afaan Oromootiin Inni hiikee fii Tafsiirri gahaadha. Ani Kitaaba lamaan san hundi keessan akka dubbiftan Isin afeera. **Hiikaa Towhiidaa Sheek Dr. Muhammadrashaad Abdullee akka Armaan gadii kanattii hiika. 1. “Laa ilaaha illallaahu jechuun: Rabbii tokkicha malee, kan ibaadaa akka salaataa, soomanaa, isaaf waa qalu’uu,isa kadhatuuu haqa godhatu hin jiru; kan sifa akka sifa isaa qabu hin jiru; kan humna wahiin argamsiisu qabu, kan sifa waa hundaan beekuu qabu hin jiru, tanaaf jecha kan waa uumu isa malee hin jiru. == Rabbiin tokkichaa yaadun, nama biraatif, sifa, akka sifa isaa kennuu dhabuu ammallee nama biraatu, waa uumaa, nama razaqaa, ilmoo namaa kennaa, nama ajjeesaa yaaduu dhabuu. Ammallee nama isan tayeniitu ibaadaa haqa godhataa, yaaduu dhabuu. Namni Rabbiin tokkichaa yaadaa, waan biraa ibaadu, iimaana hin qabu.” Sharhu Matnil Aqiidatixxahawiyyaa, fuula:1 (kunii qooda Towhiidaa sadeen Afaan Oromootiin Ibsuudha, Kan Ibaadaa akka kadhachuu haqa godhatu hin jiru Rabbi malee (Towhiidul Uluuhiyyaa je’ama), Kan siifa akka sifa Isaa qabu hin jiru (Towhiidul Asmaa wasifaat je’ama), kan waa uumu Isa malee hin jiru (towhiidu Rubuubiyyaa je’ama) akkatti Ibsa sheek Muhammad Rashaad Aqiidaa warra sunnaa.)
***** SIFA RABBII KEESSATTI DR. MUHAMMAD RASHAAD MAAL AMANA? 2. “Rabbiin Arshii irratti ol taye, ol tayinsa isaan malu kan waan takkaatti isa fakkeesun keessa hin jirre, kan waan inni ifiin yaame diduun keesa hin jirre, maalif Rabbi waan uumametti fakkeessun kufrii waan Rabbiin ifiin yaame diduunis kufrii” Tafsiira Quraanaa Suuraa Xaahaa: 5 “ Ammoo Rabbiin guddaan ol tahe, waan uume hundaa oli. Arshii waan inni uume keessaa irra guddoorratti ol tahe jechuun hin dhoowwamu shari’aatu dhufeen……“Namni Afaan Oromoodhaa beeku, kan Rabbiin ol tahu wallaale hin jiru.” Sharhu Matnil Aqiidatixxahawiyyaa, fuula: 35-36 (wanni asii olitti dubbiftan kuni hundi kitaaba sheek Muhammad Rashaad fuula dubbatame kana gubbaa yoo hin jiraanne, Ahbaashiin laaltee nuuf haa himtu. Sheek Muhammad Rashaad kitaaba Isaa keessatti kana barreessee jira, Anaa miti kan barreessi je’an. Inni waan muslimoonni amanan barreesse, Anis muslima waanin taheef hikkaa Isaa argee amanee jira. Kuni Aqiidaa Muslimootaati Rasuula s.a.w irraa eegalee warri karaa sunnaa deeman hundi Rabbiin Arshiirratti akka Isaan malutti ol tahuu Isaa ni amanan. Kanas Rabbumaatu Quraana Keessatti nuuf hime). 3. “Qur’aanni Rabbiin Nabi Muhammadirratti buuse dubbi Rabbiiti, Rabbumaatu dubbate. Jibriil Rabbirraa dhagayee, Nabi Muhammad Jibriilirraa dhagayee, ummanni Nabi muhammadirraa dhagaye.” Sharhu matnil aqiidatixxahawiyya, fuula :20-21 (Sheek Muhammad Rashaad Quraana Jibriil Rabbirraa dhagayee, Nabi Muhammad dhageesisee jechaa jira. Akka Ahbaashiitti jechi Rabbii hin dhagayamuu hin jenne, Jibriil keessatti jecha Isaa kan Azalii uume hin jenne. Ni dhagayee jechaa jira. Rabbiin keenya ni dubbata, Abbaa fedhe dubbisa. Yeroo fedhe dubbata.
Waan fedhe dubbata. Namni inni dubbise jecha Isaa ni dhagaya.) 4. “Rabbiin Ija ni qaba haa tayuu akka Ija waan uumameetii miti.” Sharhumatnil aqiidatixxahawiyyaa fuula: 33-34 (Rabbiin Ija qaba, ni arga. Garuu Ijji Isaa tan uumamaa hin fakkaattu. Ija Isaan maltu qaba. Wanni hundi Ija isiin maltu qabdi. Ijji ra’ee Ija namaa hin fakkaattu. Iji Rabbiitis Ija waan uumamee takkallee hin fakkaattu. Kanaaf warri sunnaa waan Rabbiin nin qaba ja’e hin qabduu hin ja’aniin.). 5. “Rabbiin harka ni qaba. Haa tayuu akka harka keenyaatii miti. Sharhumatnil aqiidatixxahawiyyaa fuula: 33-34 (Rabbiin harka Isaan malu qaba, kanas Isaatu dubbate malee nuti kijiba Isarra kaayuu hin dandeenyu. Sheek Muhammad Rashaad Aqiidaa warra sunnaa addeesse. Rabbiin sifa Isaan malte qaba. Dubbiin akka Ahbaashiin jettuu miti.) 6. “Asaabaa Nabi Muhammad, nama Isaanirraa taye, tokkolleedharraa hin cinnu. Hundi Isaanii jaalalloota keenya. Nama Asaabaa nabi Muhammad jibbu hunda, ni jibbina.” Sharhu matnil aqiidatixxahawiyya, fuula : 117-118 (Tunis aqiidaa warra sunnaati Sahaabaa hunda ni jaalanna, waan Isaan jidduutti argames Rabbiif dhiifna. Tokkollee maqaa hamaadhaan hin kaafnu. Aqiidaan warra sunnaatu tana. Tan falsafaa ammo abbaa fedhan keessaa arrabsuu fi xiqqeessuudha. Rabbi nu haa tiysu jallina falsafaa irraa.) 7. (Sheek Muhammad Rashaad Rabbiin guyyaa qiyaamaa akka murtii godhuuf dhufu hoggaa dubbatu akkana je’ee) “Gaafa Rabbiin kee amrii isaatin dhufe dhufiinsa isaan malu,” Al-Fajr: 21-22 (Aqiidaan warra sunnaa Rabbiin guyyaa qiyaamaa akka Isaan malutti dhufa jechuu amanan.
Halkan gama boodaa akka Isaan malutti gama samii adunyaatti gad bu’a jechuu amanan. Kanas Quraanaa fii Hadiisa irraa baratan malee ifiif uumaniitii miti. Garuu warri falsafaa jala deemu kaafira nuun je’an. Rabbiin jallina falsafaarraa nu haa tiysu.) *******AQIIDAAN AHBAASHII YOO MAAL JETTI? ******** 1. Laa ilaaha illallaahu jechuun Rabbii malee kan waa uumu hin jiru jechuu. (Kana Ragaa fiduun barbaachisaa miti Isaanuu hin khaadan. Akka sheek Muhammad Rashaad itti hike ol deebi’aa laalaa. Ibaadaa haqa kan godhatu, sifa akka sifa Isaa kan qabu hin jiru jechuu wanni irraa dhiisaniif, Shirkiif akka Isaaniif mijjaawu, Akka qabrii yaammachuuf Isaaniif tolu, Rabbiin sifa hin qabu jechuuf hiikkaa akkatti jallisan. Na’uzubillaah. Kan yaammachuu haqa godhatu Rabbi malee hin jiru jechuuf nu jibban.) 2. Rabbiin ol hin jiru, gad hin jiru, mirgaa fii bitaas hin jiru, duraa fi duubas hin jiru, adunyaa keessa hin jiru, adunyaa alas hin jiru. (Kanas Ragaa fiduun barbaachisaa miti Isaanuu hin khaadan.) 3. Quraanni jecha Rabbiin dubbatee miti. Rabbiin azalitti (osoo waa hin uumin) jecha Isaa kana Jibriil keessatti uume. Jibriil waan Isa keessatti uumame dubbate malee Rabbiin ifiif hin dubbatu. Rabbiin jecha dhagayamu, kan qubee qabu dubbata jechuun kufriidha. (Falsafaa tana numa laalaa, bar wanni Isaan je’an namaafuu hin galu. Mee jecha sheek Muhammad Rashaad kan sunnaa sanii fii kan falsafaa kana wal biratti laalaa.) 4. Fi 5. Rabbiin Ija hin qabu, ni qaba jechuun Rabbitti qaama godhuudha, kanaaf kufriidha. Rabbiin harka hin qabu, ni qaba jechuun kufriidha. (Ulfina jecha falsafaa kana numa laalaa, Ani Rabbirran beekaa nama je’u maal jettaniin?) 5. (Sahaabaa akka Mu’awiyaa, A’ishaa, Rabbi irraa haa jaalatu zaalima jechuun itti muranii jiran.)
(Sahaabaa akka Mu’awiyaa, A’ishaa, Rabbi irraa haa jaalatu zaalima jechuun itti muranii jiran.) 6. Rabbiin ni dhufa jechuun Uumatti Isaa fakkeessuudha, kunis kufriidha. Yaa Obboleyyan tana Amantii je’anii itti nu yaaman. Falsafaa Isiniif wayya moo karaa Sunnaa kan Kitaaba sheek Muhammad Rashaad barreesse keessa jiru? Sheek Muhammad Rashaad Ahbaashii Albaase moo hin Albaafne jettan erga barruu kana dubbiftan? Kanaaf Sheekni Ahbaashiidha name je’uu fedhu Kitaaba Sheekaa Adunyaarraa balleeysuu qaba. Yoo Akkas hin taane Haala kamiin Ahbaashii fii Sheekni tokko tahan?! Ammoo ani wannin Amanu Sheek Dr. Muhammad Rashaad Abdullee akkuma Ulamaa’ii biraatti dogonora irraa qulqulluu miti. Abuu Haniifaan, Shaafi’iin, Imaamu Ahmad hundi dogongora irraa qulqulluu miti. Ilmi namaa hundi ni dogongora Rabbiin dogongora Isaa Isaaf haa araaramu. Garuu waan Inni dalage tan akka Gaaraatti dhaabbattu dhiifnee dogongora Isaa xixxiqqaa jala dalaguun beekkumsaa miti. Wanni Rabbiin namaaf hin araaramne Shirkii qofa yoo Osoo hin towbatin du’an. Sheek, Doktar Muhammad Rashaad Rabbi Rahmata haa godhuuf.
Dulli Duguuginsa Sanyii Jaarraa Tokkoo Oliif Osoo Wal Irraa hin cinne Ummata Oromoo Irratti gaggeeffamaa jira Duulli Duguungsa Sanyii mootummoota Habashaatiin ummata Oromoo irratti gaggeeffamu tooftaa fi bifti isaa haa geeddaramu malee, jaarraa tokkoo oliif osoo wal irraa hin cinne gaggeeffamaa jira. Akkuma irra deeddeebifamee seenaa keessatti kaafamu Oromoon weerartoota Habashaa osoo ofirraa loluu humna meeshaa hammayyaan caalamee cunqursaa jalatti kufe. Erga gaafa cabee biyyi isaa weeraramee bulchiinsa alagaa jalatti kufee hanga har’aatti tasgabbii argatee hin beeku. Mootummoota humnaan cabsanii isa weeraraniin goochi duguugnsa Sanyii seenaan hin daganne irratti raawwatameera. Loltoota Minilik irraa kaasee hanga hidhattoota Wayyaanee har’aatti. Gochaa gara jabinaan guutame hedduutu Oromoo irratti raawwatame.Kanneen baroota dheeraa dura raawwataman akkuma seenaatti olkaawwannee wantoota bara mootummaa Wayyaanee kana keessa raawwatamanii fi hanga har’aan tanaatti raawwatamaa jiran haa laallu.1. Duula Duguuginsa Sanyii godina baha Wallaggaatti bara 2008 irraa kaasee gaggeeffamaa jiru. Caamsaa 17 bara 2008 keessa ture ilmaan Oromoo 400 ol tahan hidhattoota Gumuz mootummaa Wayyaaneetiin leenjii waraanummaa fudhatanii fi hidhachiifaman weerarri irratti gaggeeffamee qe’ee isaanii keessatti kan jumlaan ajjeefaman. Hidhattoonni Gumuz meeshaalee waraanaa AK 47 irraa kaasee hanga meeshaalee gurguddaatti hidhachiifaman godina baha Wallaggaa onoota garaa garaa keessattuu ona Saasiggaatti bobba’uun qe’ee Oromoo weeraran. Ummata meesha maliyyii irratti dhukaasa roobsan. Hidhattoonni deeggarsa guutuu mootummaa Wayyaanee irraa argatan kunniin lola Caamsaa 17 irraa kaasee ummta Oromoo godina baha Wallaggaa irratti bananiin battalumatti lammiilee Oromoo 400 ol tahan galaafatan.
Kanneen dhumatan keessatti kan argamanis irra guddaan daa’immanii fi dubartoota. Namoota 400 dhumataniin gamatti, kanneen lakkoofsa guddaa qaban ammoo akka hamaa madaa’an. 12,000 ol ka tahan ammoo qe’ee fi qabeenyaan isaanii gadhiisanii gara magaalaa Naqamteetti godaanan. Qabeenyaa maallaqaan shallaguuf nama rakkisu hidhattoota ummata Oromoo irratti duulchifaman kanneeniin saamame, barbadaa’e. Namoota dhibba afran ajjeefaman keessaa kanneen akka ilma namaatti seera awwaalcha argatanis hin jiran. Hedduun isaanii erga meeshaalee waraanaatiin ajjeefamaniin booda haala nama suukkanneessuun ableen gurra’amanii mormi irraa cirame. Awwaalcha dhoowwatamanii allaattii fi waraabeessi itti bahee nyaate. Oggaa kun hundi raawwatamu mootummaa naannoo kan ofiin jedhu OPDOs tahee biyyan bulchaan jira kan jedhu IHDG afuura hin baafanne. Sababiin isaa ammo tahe jedhanii ummata Oromoo irratti duula banan waan taheef. Akka seera Itoophiyaa maqaaf barraa’eetti meeshaan waraanaa ummata Civil dhaaf hin hayyamamu. Hidhattoonni Gumuz garuu meeshaa waraanaa gurguddaa kan mootummaa qofaan tohatamu hidhatanii ummata Oromoo irratti ajjeechaa Jumlaa raawwatan. Hunda caalaa kan nama raaju ammoo lammiileen Oromoo ajjeechaa Jumlaa kanaan dhumachuu, madaa’uu, qabeenyaan jalaa saamamuu fi barbadaa’uun, akkasumas qe’ee isaaniirraa buqqifamanii godaanuun itti xiqqaatee lola kana isintu kakaase jedhamanii manneen hidhaatti guuraman. Mootummaan Wayyaanee hammeenya naannichatti raawwatu kan hanga har’aatti addaan hin kunne. Bara 2010, bara 2011 fi 2012 keessattiillee duulli wal fakkaataan ilmaan Oromoo irratti gaggeeffameera. Tuttuqaan ummata Oromoo naannichaa irratti gaggeeffamu hanga har’aatti itti fufee jira. 2. Weerara hidhattota Somaalii Kibba Oromoo magaalaa Mooyyaalee. Mootummaan Wayyaanee duula isaa itti fufuun, Waxabajjii 27 bara 2012 keessa Kibba Oromiyaa godina Booranaatti magaalaa Mooyyaaleetti hidhattoota Somaalii bobbaasuun ummata Oromoo irratti weerara bansiise.
Kanneen maqaaf Poolisoota naannoo Oromiyaa jedhaman dabalatee namoonni 50 ol duula hidhattoota Somaalii mootummaa Wayyaaneetiin deeggaramaniin ajjeefaman. Kanneen dhibbootaan lakkaawaman madaa’anii, kumootaan kan lakkaawaman ammoo qe’ee fi qabeenya isaanii gatanii akka godaanan taassifaman. Dhaabbileen dhuunfaa fi kan mootummaa tarkaanfii kanaan barbadaa’an. Hanga hidhattoonni Somaalii biyya weeraranii, lubbuu lammiilee galaafatanii fi qabeenyaa barbadeessan mootummaan Wayyaanee akka waan quba hin qabneetti taa’ee ilaale. Akkuma aadeffate boodarra isintu lola qabsiise kan jedhuun lammiilee Oromootti garagalee mana hidhaatti naqe. Hidhattoonni isaa osoo hin hafiin maaliif ummata waliin dhaabbattanii Somaalota loltan kan jedhuun manneen hidhaatti guure. Kana Malees mootummaan Wayyaanee Kibba Oromiyaatti Gosoota Garrii, Gabraa, Ajuuranaa fi Oromoota Booranaa walirratti kakaasuun dhumaatii lubbuu guddaa naannicha dhaqqabsiiseera. Qabeenyaan ummataa maallaqa guddaan shallagamu yeroo garaa garaatti saamameera, barbadaa’eera. Duulli gosoota xixxiqaa hidhachiisanii Oromoo irratti duulchisuu kun ammallee naannichatti bal’inaan itti fufee jiraachuun beekamaadha. 3. Duula baha Oromiyaatti gosoota Somaalii mootummaa Wayyaanee TPLFn hidhachiifamaniin Oromoo irratti gaggeeffamaa jiruu fi lubbuu lammiilee Oromoo 37 ol galaafate. Mootummaan Wayyaanee irra deddeebi’uun baha Oromiyaa keessatti Somaalota abjuu bara dheeraa kan lafa Oromoo dhaaluu qaban hidhachiisee ummata Oromoo irratti duulchisaa jiraate. Kanaanis lubbuun namaa bade, qabeenyaan barbadaa’e kan salphaatti ilaalamu miti. Baha Oromiyaa onoota akka Mi’eessoo, Jaarsoo fi Anniyyaa faa keessatti milishoota Somaalii mootummaa Wayyaanee TPLFn hidhachiifamaniin lolli guddaan ummata Oromoo irratti banamee jira. Duula qindaa’aa kan mootummaa Wayyaaneen karoorfamee erga barri 2013 seenee hanga ammaatti osoo walirraa hin cinne baatileef baha Oromiyaatti ummata Oromoo irratti gaggeeffamaa jiru kanaan lammiileen Oromoo 37 ajjeefamaniiru.
Kanneen dhibbootaan lakkaawaman ammo ni madeeffaman. Akkumas 20,000 kan tahan qe’ee fi qabeenyaa isaanii gatanii godaananiiru. Akkasumas beeladoonni manaa 700 ol tahan ummata Oromoo irraa saamamaniiru. Lolli gaggeeffamu kun maqaa walitti bu’iinsa daangaa jedhuun humnoota badii mootummaa Wayyaaneetiin kan qindeeffame oggaa tahu, loltoonni Wayyaanees hidhattoota Somaalii duubaan goranii ummata Oromoo lolaa akka jiran ragaaleen qabatamaan ni jiru. Tarkaanfiin faashistummaa mootummaa Wayyaanee kunis duula duguuginsa Sanyii irraa adda baafamee kan ilaalamu miti. 4. Duula Amaarota maqaa “Liyyuu Poolisi” jedhuun ijaaramaniin Oromoota Karrayyuu irratti baname. Godina baha Shawaa naaannawaa Karrayyuu keessatti lolli bifa qindaaween Oromoota Karrayyuu irratti gaggeeffamaa jirus qaama duguuginsa sanyii ummata Oromoo irratti gaggeeffamuuti. Naannoo kanatti mootummaan Wayyaanee maqaa “Liyyuu Poolis” jedhuun dhalattoota saba Amaaraa qofa irraa kan ijaaraman daangaa Oromiyaa fi Amaaraa gidduu qubsiise ture. Ragaaleen bahan akka mirkaneessanitti naannoo kanatti bara Minilik irraa kaasee hanga har’aatti lolli addaa hin cinne gaggeeffamaa jira. Qaamni “Liyyuu Poolis” kun ammo Waldaa Dargaggoota Ona Minjir jechuun waraana biraa ijaaree duula bal’aan kan Oromoo lafarraa buqqisuu adeemsisaa jira. Naannoo kanatti mooraan leenjii bal’aa fi guddaa tahe banamee dargaggoonni Amaaraa leenjii waraanummaa itti fudhataa jiru. Bishaan jallisii mootummaan naannoo Oromiyaa jedhamu saniin tolfame ummata irraa ittisanii, waraanni irra qubsiifamee daldala horii, akkasumas oomisha kuduraa fi muduraa irratti bobba’anii jiraachuu gabaasaaleen ni addeessu. Waraanni naannicha qubates baatii baatiidhaan ummata kiloomeetira 20 ol dhiibaa jira. Maqaaf mootummaa naannoo Oromiyaa kan ofiin jedhu OPDO poolisoota naannoo Oromiyaa bakkichatti geessuun qubattoonni Amaaraa kanneen laficha irraa akka buqqan gochuuf yaalus lola irratti banuun poolisoota naannoo Oromiyaa irraa lama ajjeesan.
Maqaaf mootummaa naannoo Oromiyaa kan ofiin jedhu OPDO poolisoota naannoo Oromiyaa bakkichatti geessuun qubattoonni Amaaraa kanneen laficha irraa akka buqqan gochuuf yaalus lola irratti banuun poolisoota naannoo Oromiyaa irraa lama ajjeesan. Yeroo irraa gara yerootti dhalattoonni Amaaraa naannichatti walitti qabanii leenjii waraanummaa kennamaafii jira. Ummata irratti shaakaalaa akka jiranis barameera. Waraanni Amaarota irraa ijaarame naannicha qubsiifame kun lola yeroo garaa garaatti ummata irratti gaggeesseen waggaa tokko keessatti lammiilee Oromoo 76 ajjeesuutu ibsame. Kanneen keessaa 6 dubartoota oggaa tahan, 3 ammoo daa’imman. Loltoonni Amaaraa kanneen bakka lammiileen horii tiksanitti baleen gurra’anii akka ajjeesanitu gabaafame. Namoonni ajjeefaman torbaatamii jahan kanneen ajjeefamamii bosonaa fi karaa itti gataman. Kanneen bkka buuteen isaanii dhabame ammo 10 ol tahu. Humni dhalattoota Amaaraa irraa ijaarame kun erga leenjii isaa xumurateen booda horii ummataa saamuu irratti akka bobba’e gabaasaaleen naannicha irraa argaman ni addeessu. Haaluma kanaan loon, re’eelee fi harroonni kuma dhibbootaan lakkaawaman gandoota akka Dhibeettii, Qararrii, Haroo Qarsaa, fi kanneen biro keessaa humna “Liyyuu Poolisi” jedhamu kanaan ummata Oromoo irraa samaman. Walumaagalatti duulli gama hundaan ummata OROMOO irratti gaggeeffamaa jiru kun fala hatattamaa barbaada. Gochaan bakkoota hundatti adeemsifamaa jiru kun duula duguuginsa sanyii irraa adda bahee hin laalamu. Sochiin wal fakkaataan godinoota Oromiyaa hunda keessatti adeemaa akka jirus beekamaadha. Kanaaf ilmaan Oromoo waliif dirmachuun duula hammeenyaan guutame kan mootummaa Wayyaaneen qindaa’e kana ofirraa ittisuudha qaba jenna. Dhaabbileen kabajamuu mara dhala namaaf dhaabbatanis duula Oromoo irratti gaggeeffamaa jiru kana quba qabaatanii akka dirmatan dhaamna. Injifannoo Ummata Oromoof M. Seenaa Caamsaa 30, 2013
Elemoon wallee isaa keessatti, weedduu aadaa, ammayyaa, kan warraqsaaf jaalalaa gumaachuun yeroo dheeraaf kan bekkamu dha.
Tokkummaan jaarmayoota fi qabsaa’ota Oromoo akkamitti ijaaramuu danda’a? – Kutaa afraffaa Abdii Boruutiin Kutaa afraffaa – Qabsoo bilisummaa keessatti heddoominni jaarmayoota uummataaf bu’aa hin fidu Akkuma beekamu fi amanamu biyyoota gara garaa keessatti dhaabileen siyaasaa adda addaa kan ijaaraman dhimma uummata isaanii karaa gara garaatiin galii dhaan ga’uufi. Kanaaf sagantaalee adda addaa baafatanii isaan kanas hojii irra oolchuuf waldorgommii godhu. Dhimmi uummataa kuni ammoo guddina diinagdee, jiruu gaarii, dagaagina sabaa fi kkf ta’uu danda’a. Waayeen akkanaa kuni kan mul’atu saba ykn uummata bilisummaa qabuu fi biyya walaba ta’e keessatti. Dhaabileen wal dorgomanis guddina fi dagaagina saba sanaatiif malee bilisummaa fi walabummaafii miti. Biyya walaba ta’e tokko keessatti dhaabileen heddoomuun akka yaadni fi sagantaan babal’atu; akka waldorgommii cimaan godhamu fi kan sagantaa gaarii fi amanamaa qabu akka injifatu waan taasisuuf dhaabileen gara garaa jiraachuun barbaachisaa dha. Uummata bilisummaa hin qabne fi biyya walaba hin taane keessatti garuu gaafiin ka’uu qabu tokko qofaa waan ta’eef deebiin inni barbaadus tokko’uma. Gaafiin kunis gaafii bilisummaa uummataa fi walabummaa biyyaa yoo ta’u deebiin isaas kan dhabe sana argachuu dha. Kanaaf dhaaba ykn jaarmayaa bilisa baasaa tokko barbaada. Jaarmayaan kuni ammoo sagantaalee adda addaa qabaatu illee kaayyoo fi galii booddee tokkoof qabsaa’a. Sababa adda addaatiinis haa ta’u ykn akka tasaa ta’ee jaarmayoonni bilisummaa fi walabummaa dhaaf dhaabbatan yoo heddooman gaafiin isaan dhaabbataniif akkasumas galiin booddee hundaatuu waan tokko ta’uuf garaa garummaan jidduu isaanii jiru hin mul’atu. Jaarmayaa keenyatu caala, nu wayya, nutu dafee galii booddee dhaan ga’a jedhanii waliin mormuu, wal dadhabsiisuu fi humna qaban gara gara hiruu malee uummata dhaabbataniif sanaaf bu’aan argamu hin jiraatu.
Sirumaa akka waan wal saamuu waan ta’uuf qabsoo dadhabsiisa. Waayeen qabsoo bilisummaa Oromoos kanuma. Uummanni Oromoo uummata bilisummaa hin qabne fi biyyi keenyas biyya walaba hin qabne akka ta’e dhugaa har’a dhalatee miti. Kan addunyaan illee beeku yoon jedhe waanan dogoggore natti hin fakkaatu. Gaafiin uummata keenyaas gaafii tokko kan bilisummaa fi walabummaa biyya isaa ti. Jaarmayaan bilisa baasaa isaas tokko’uma ta’uu ykn tokkoomuu qaba. Jaarmayoonni amma har’aatti ijaaramanii jirani illee deebi’anii tokkoomuu qabu jechuu dha. Yoo kophaa kophaa deemna jedhani illee qabeenya fi humna wal saamuu fi wal dadhabsiisuu ta’a. Kuni ammoo dhugaa mul’achaa ykn argamaa ture fi jiru dha. Akka ilaalcha kiyyaatti hundi isaaniitu galii booddee tokko akka barbaadanii fi mana booda waliin itti galuuf jedhan tokko ijaaruuf waan jiran natti fakkaata. Akkuma Oromoon jedhu “Namnni mana tokko ijaaru citaa wal hin saamu” waan ta’eef mana kana walumaan ijaaranii xumuruu qabu malee kopha kophaa ijaaranii fixuun rakkisaa dha. Kanaaf tokkummaan barbaachisaa ta’a. Yoo gadifageenyaan itti yaadamu, kan namaa hin galle jaarmayoonni Oromoo kan gara garatti ijaaraman kun dhuguma gaafii uummata Oromoof deebii argachuufii laata? Dhiifama naaf godhaa, kaayyoo qabsaa’onni dhugaa dhaabbatani fi itti wareegamani illee gaafii keessa galchuu barbaadeeti miti. Erga gaafiin uummata Oromoo tokko ta’e, erga deebiin isaa illee tokko’uma ta’uu qabu (kuni ammoo bilisummaa isaa fi walabummaa biyya isaa ti) gaafii kanaaf deebii argachuuf rakkoolee jiraniif furmaata waliin barbaaduu dha malee kophaa kophaa karaa gara garaa deemuun hiikni isaa maali? Bu’aa eenyuutiif jedhamee ti? Ani akka natti mul’atutti uummata Oromoof otuu hin taane diinaaf bu’aa fidaa jira. Rakkoon saba keenyaa fi dhugaan argamaa jiru nutti hin mul’atuu?
Otuu arginuu, otuu dhageenyuu maaliif hubachuu dadhabnna? Akka makmaaksa Oromoo: “Ijji hin argiti malee hin hubattu” jedhuu tii? Sammuun keenya fudhachuu malee hin hubatuu? Yoo rakkooleen saba keenyaa nutti hin mul’anne, sagaleen uummata keenyaa hin dhaga’amne, gaafii uummata keenyaaf deebii hin argannee, maaliif uummata Oromoof dhaabbanna jenna? Maaliif of sobnnee uummata kenyas dhugaa jiru dhoksina? Maaliif oduu duwwaa dhaan yeroo fi umrii fixna? Maaliif uummata keenya afaanfaajjessina? Maaliif maqaa qabsoo bilisummaatiin daldalamuun yaalama? Gaafileen ka’uu danda’an baay’ee dha garuu ammaaf asuma irrattan dhaaba. Ani yeroo tokko tokko akkan yaadutti gara gara hiramuu fi jaarmayoota heddoomsuun kun fe’ii ofiitiif malee durumaanuu dhuguma uummata Oromoof jedhamee natti hin fakkaatu. Otuu uummata keenyaaf ta’ee, kan duraan ta’es ta’ee, kan dabres dabree har’a illee haalduree tokko malee walitti deebi’anii tokkoomuu tu isaani irra ture. Haaldureen illee yoo jiraate kun fe’ii fi dhimmaa ofiitiif yoo ta’e malee tokkoomanii qabsoo kana finiinsuun, gaafii uummataaf deebii argachuun haalduree waan qabu fi barbaachisu natti hin fakkaatu. Har’as akkuma kaleessaa daandii’uma sana irra deemuu wayya kan jedhan yoo ta’e, daandiin sun eessanuu akka nu hin ga’in fi gara fuulduraas eessanuu nu ga’uu akka hin dandeenye jaalannus jibbinus dhugaa kanatti amanuu qabna. Gaafiin uummata Oromoo inni guddaan bilisummaa isaa fi walabummaa biyya isaa ti. Haa ta’u malee gaafii guddaa sanaa asittuu gaafiileen biroo kan hatattamaan deebii argachuu qaban baay’ee tu jiru. Namnni tokko yoo lubbuun isaa jiraatte bilisummaa hawwa. Biyya walaba taate illee argachuu kan barbaadu yoo biyyi sun jiraatte dha.
Har’a uummanni Oromoo yoomiyyuu caalaa mana hidhaa keessatti dararamaa, du’aa, ajjeefamee karaa irratti gatamee bineensaan nyaatamaa jira. Erga lubbuun isaa dabartee bilisummaan inni barbaade yoomiif? Lagoonni fi harooleen keenya summii waarshaalee keessaa ba’uun badaa jiru, lafti uummata keenyaa gurguramee dhumaa jira. Namoonni keenya illee akka gabra duriitti wajjin bitamaa fi gurguramaa jira. Gabaabumatti biyya keenya dhabaa jirra. Erga biyyi keenya gurguramtee fi summii dhaan akkanatti badaa deemtee walabummaa ishiitiif lallabuu duwwaan maal godha? Badiin dhuma hin qabne kan godhamaa jiru maaliif nutti hin mul’anne? Yoo har’a tokkoomnnee, humnna horannee, harka walqabannee, irree tokkoon diina keenya ofirraa hin kaafnne badiin dhuma hin qabne akka itti fufaa deemu mamiin hin jiru. Oromiyaan – biyyi jaalatamtuun teenya – gabrummaa diinaa jala haa turtu malee qabeenyi fi bareedummaan ishii otuu hin hir’atin as geesse. Har’a garuu diinni duula godhaa kan jiru uummata keenya irratti qofaa otuu hin taane biyya keenya irrattis waan ta’eef bareedummaa ishii kana balleessaa jira. Lagoonni fi haroolee keenya summii dhaan jijjiiramaa jiru. Bosonni keenya badaa jira. Lafti gaariin biyyee gaariin bifa jijjiirrachaa jiru. Kuni kan agarsiisu ammoo diinni yoomiyyuu caalaa uummata keenya hidhuu fi ajjeesuu bira dabree biyya keenya irratti illee duula balleessaa akkanaa godhaa akka jiru dha. Karaa biraatiin ammoo Oromoo – uummanni sooressi – isarraa hafee kan alagaa dhaaf illee laachaa ture, kan beela argee hin beeknne har’a kunoo biyya isaa dureettii keessatti beelaan akka baala mukaa harca’aa jira. Oromiyaan illee biyya beela hin beekne sana tu har’a maqaa xureessaa kanaan yaamamaa jira. Rakkooleen keenya kan lakkaawwamanii dhumanii miti. Egaa kuni hunduu nu jalaa dhokatee?
Otuu hin beekin hafnnee? Nuuf hin galle moo akka nuuf galu hin barbaadne? Oromoo, dhugaan ifatti bayee jiru– badii guddaan nurra gayaa jiraa maaliif cal jettanii teessu? Furmaanni kanaa maali? Ammaaf kanan jedhu furmaanni tokkummaa ilmaan Oromoo ti. Tokkummaa qabsaa’otaa, gurmuulee fi jaarmayoota Oromoo ti. Hunda caalaa ammoo walitti deebi’anii tokkoomuu ABO ti. Kana jalatti walitt deebisanii tokkoomsuu WBO fi ciminsa isaa ti. Rakkoo uummata Oromoof furmaanni jiru waraana cimaaqofaa dha. Karaan biraa natti hin mul’atu. Qabsaa’onni fi jaaramayoonni Oromoo ammoo kan walaba taatanii qabsoo kana keessa jirtan rakkoo uummataa fi biyya keenyaa kana hubachuu dhaan akkasuma illee dhugaa jirutti amanuu dhaan fe’ii fi dhimmaa keessan dhiisaati dhimma uummata keenyaaf dursa kennaa. Haalduree malee waliigaltee godhaatii tokkummaa dhugaa ijaaraa. Nutu jaarmayaa dhugaa ti, nutu dhugaa dubbata, nutu dhugaa qaba, karaa keenyatu gaarii dha, tooftaa fi tarsiimoo keenya wayya jettanii ammas, kan boodas akkuma duritti itti fufuun uummata keenyaaf bu’aa tokko illee hin fidu. Waliigaltee fi tokkummaa dhabuu keessan irraa bu’aa kan argate fi argatu yoo jiraate diina keenya qofaa dha. Yoomiyyuu caalaa uummanni keenya kan dararamu fi ajjeeffamu; biyya keenya irratti illee badiin godhamaa kan jiru diinni waliigalee fi tokkummaa dhabuu keessan argee ti. Oromoon yoo makmaaku “ofiifuu duuti maaliif of huuti”” jedhe. Akka alagaan akkana nuun hin jenne; akka duula diinaa dura duula keenyaan wal hin balleessine; akka dhukkubnni keenya hin cimne dafnee qoricha haa barbaadnu. Qorichi dhukkuba kanaa ammoo waliigaltee fi tokkummaa, tokkummaa, ammas tokkummaa dha. Galatoomaa. Amma walitti deebinutt nagaan turaa. Abdii Boruu: aboruu@gmail.com
Koree hojii geggesitu TBOJ Waxabajjii 14 bara 2013
Oromumaa vs. Islamumaa: Mr. Jawar Mohammed’s Controversial Speech By Iddoosaa Ejjetaa | June 15, 2013 The Oromoo people have unfinished businesses yet. In June 2013, a conference was organized for Ethiopian Muslims in Minneapolis, Minnesota where Mr. Jawar Mohammed made a speech and broadcasted by Oromoo TV has created tremendous waves of reactions from different Oromoo corners including myself. I have watched and listened to the video on YouTube and read responses. I found that I was not alone who disappointed by the speech. Many Oromoo had expressed their disappointment, frustration and feeling that they have been cheated once again. The proponents of the speech expressed their complacencies in different ways. After reading the opinions from both sides about the speech, I have decided to put opinions together from the perspective of Oromumaa vs. Islamummaa for critical analysis, genuine and civil discussions. I hope that this paper initiate honest, genuine and knowledge-based discussion by diverse social, political and religious groups of the Oromoo people and scholars so as to forge unity of purpose that is based on authentic Oromummaa. It is my hope that all reader of this paper would be thoughtful and genuine broker to close the rift that created as consequence Mr. Jawar Mohmmad’s controversial speech, June 2013. Duran durseen nahoofkalchaa isnin jedha, let me start from the commentator who has lost trust and suspicious about the speech made by Mr. Jawar Mohammed and provide some analysis to it and will use similar pattern of analysis throughout this paper. … Islaamni tooko mucaa isaa otoo Oromoomaa hinabrssidin Quraana barsiisa. Maqaa isaalle Oromoo dhiisee maqaa arabaa basaaf. Fkf, jawar Mohamad manna otoo Fayissa Angassaa otoo jedhanii oromuummaa ni jabeessa ture. … Christannummaanis akkasuma. Namni maqaan isaa Petros Yohaanis jedhamu ofiin Oromoo ofiin haajedhu malee ani kuni oroodh, waa nagargaara jedhee amanee itti siquun hedduu nadhiba. Walitii dhuffuu baaannan moo waliraa fagaachuu, wal sodaachuu, wal iraanfachuu, wal jibuu fi wal loluufii wal irrati duulanii wal ajeesuun lee nijira! !Kanaaf Islaaamummafi Christaanummaan orommummaaa nii tokkumma Oromoo laafissan malee bua’ tokko Oromoof hinfinne.
[Wajiraa] Wajiraa has a feeling of worry that he/she suspicious of what is gonging on in that conference where Mr. Jawar Mommmed was a speaker. Both religions, Christian and Islam about equally shared in role of sending Oromoo people into slavery. Christian never sold or bought Christian. In the same, Islam didn’t sell and/or buy Islam. The victims of slave trade were those Oromoos who used to practice their own indigenous Oromoo religion, Waaqeffannaa. There accounts on this matter in written form by many social scientists or scholars including Oromoo scholar Professor Merkura Bulcha. Person’s name is his/her identity. Ilmaan Gadaa Oromoo is brothers and sisters for being an Oromoo, but not because of following specific religion or cult. As Wajiraa said, it is self-evident that Islamummaa and Khristaanummaa were/are wreaking Oromummaa. As Mula’ata put it, “Rejecting Oromoo religion means rejecting your culture and identity. That is why you go with foreign name which not only weakened but Rejecting Oromoo religion means rejecting your culture and identity. That is why you go with foreign name which not only weakened but almost destroyed your Orommumaa. There is nothing left you can pass to your children other than afaan Oromoo. I am not suggesting you give up your religion, but you can never reconcile foreign religions with Oromumaa!” Guta has brought also a philosophical perspective to Oromoo nationalism and liberation struggle. He wrote, “Both Islam and Christian have diluted oromumma and confused it. However, realistically I accept the idea of tolerance, even though any foreign culture or language is contradictory to nationalism, similarly religion theoretically cannot accept any nationalism. Religion has no boundary, thus Jawar is confusing.” This has been reflected in the speech of Haji Najiib (Adaree) on the conference when he said “we all are Islam, and let he/she come from the Mars, we all are brothers as long as he/she is Muslim.” He had also reminded his audience what had been tolled: Tribalism stink and do not get close to it”. Haji Najiib was teaching the Musilm Oromoos to distance themselves from Oromummaa or Oromoo identity. Instead, he has persuaded them to make Islamummaa to replace Oromoo identity. In other words, Haji Najiib launched a minimum level of war against Oromoo nationalism and identity on the forum that a group of agitated Oromoo set up for him.
I have read very interesting and long comment made by Duula. I took some of his/her statements as it was with few words edition. Duula recognizes the right to self-expression and so do I. He wrote that he [Jawar Mohammed] has a right to do whatever he deems right to him, but as Oromoo nationalist we do not have the luxury of appeasing every one when we could not even appease ourselves. We do not have time to make media round, and talk about world peace when we have been denied peace on our own land Oromiyaa (biyyaa Oromoo). The world community will never rescue us it’s our responsibility to rescue ourselves. World community will never fight for us it’s our obligation to fight for ourselves, and the fight of media round alone will never liberate a nation either especially when you validate the superiority of your enemy. Duulaa’s second point: I do understand this forum was organized by Muslim religious group, and he [Jawar] was invited as a guest speaker. However, one must be very diligent when attempting to associate religion and political affairs. The issues of religion and political affair are very sensitive issues. One has to be very clear in terms of what exactly they are saying, and explain it well so that it will not be murky and confusing to the audience. But, let’s make one thing very clear here, we will never be Islamic Republic of oromiya, we will never be christian Republic of Oromiyaa, and we will never be Waaqeffannaa Republic of Oromiyaa, we will only be INDEPENDENT DEMOCRATIC GADAA REPUBLIC OF OROMIYAA. We must always separate religion and state, so that we are not creating any confusion for our nation. We want a nation that respects every religion, but the interest of a nation always comes first. Everyone will have a right to practice their religion without the interference of the State, and at the same time religion should never interfere in the State affairs either. Thus, when taking stage and speaking about State and religion, one must make sure that people understand what exactly we are talking about, and we also have to make sure we are not confusing people. I think Jawar has failed to do that in this speech. I am sure his intention might be to make his audience in the auditorium feel comfortable, and tentative, but in tern he has raised many eye brows outside the auditorium. Also, we must not carry away/bogged down by this religion issues/agenda that TPLF has crafted/created for us simply to keep us busy.
It’s one thing to creating our own agenda, but it’s totally different thing and very dangerous proposal to get mixed up in what Abyssinian has set up for us. Our primary goal is to be free from Abyssinian colonialism, so that we can do whatever we want within Independent Democratic Gadaa Republic of Oromiyaa. Once we free our nation from this brutal occupation, then everyone will be free to practice any religion they desire. But, right now, religion is not our top priority, but liberation of Oromiya is our top priority. I am not saying we should not talk about religion here, all I am saying is Independence comes first, and everything else comes next. [Duulaa] Danygaaraa has written extensively in afaan Oromoo to sooth the tensions and concerns of Oromoos on the other side by trying to explain what Mr. Jawar Mohammed intended to say. He wrote: Muslima, Kristiyaana,Waaqeeffataa hundinuu nuuf walqixa. Ammoo yoo rakkoon Muslimarra gayaa jiruu kan ulfaatuufii hammaatu ta’a san olkaasanii irrati dubbachuun Oromoomummaa diiguu nati hinfakkaatu. Akkuma beeynuti Oromoon Muslima waan Oromoo Kristiyaanaatirra adda godhu nijria; kuniis Oromoon Muslimaa gabrummaa gruguddoo gara lamaatiitu irra ture ammallee irra jira: Tunis: gabrummaa sabummaa akka Oromooti (ta Oromoon hundi jala jirtu) akksumaas gabrummaafii cunqurfama amantii Islaamaa. Kun kan nama agarsiisu Oromoon Muslima curqursaa lamaan tana jalaa bahuuf qbasoo bilisummaa Oromoo cinati qabsoo amanti isaa kabachiisuutiis iti fufuu qaba. Yaadni kabajamaa Oromooticha ilma Oromoo obboo Jawar Mohamadiis kanuma ibsuu barbaade. [ Danygaaraa]. Danygaaraa, has taken a positive approach toward the speech and did his best to explain the intention of Jawar’s speech, which is commendable. From the opponents of the Jawar’s speech, however view differently with deep concern. They have genuine concerns and believe that Oromummaa and Islamummaa are not the same. The philosophical differences are very huge: Waaqeeffannaa, for example, is one of the components of authentic Oromummaa and world view while Christian and Islam are originally the world view of Middle Eastern Society.
Christianity and Islam became the world major religions by taking advantage of power balance during slave trade and colonial era. Significant number of Oromoo had converted to Islam and Christian because of the power abuse, brutality and barbaric act against them by Abyssinian Kings such Menilk II and Yohannis II who were the follower of Christianity and guardian of the Ethiopian Orthodox Church. It has well documented in the work of Jon Abbink (1998) those first followers of prophet Muhammadas were immigrated to Axum of Abyssinia, present northern part of Ethiopia to seek protection from the persecution of Quraysh trib in Mecca. The Christian king of Axum granted them safe heaven though the Quaryashy pursued to capture and take them back to Mecca. This historical fact has either implicit or explicit impacts on Muslims in Ethiopia including Oromoo when we address the issue of Abyssinian/Ethiopian colonization of Oromiyaa. The Oromoo Muslims have been marginalized and experienced double layer, if not more, oppressions. For example, Muslim Oromoo women have not double, but triple layer of oppressions: as an Oromoo , as Muslim and being women. One must recognize, however, there was time in history when the Oromoo men and women had enjoyed freedom in their homeland known as independent Oromoo Gadaa Republic, Biyyaa Gadaa Oromoo. Before Christianity and Islamic influences the Oromoo Gadaa Society had had well-organized belief system, Waaqeffannaa, and well structure self-governance, the Oromoo Gadaa Government. Gadaa Deebisaa has argued strongly that Oromummaa and Islamummaa are not complementary. Instead, both are inherently conflicting. According to his interpretation, Oromummaa is an indigenous identity while Islamumaa and Khristanummaa are exogenous identities that were imposed involuntarily referring to perhaps the era of slave trade when the Oromoo people accept both Islam and Christian to escape from slavery. I think Oromummaa has seen or understood as a unifying factor for contemporary diverse Oromoo nation in terms of religion, political ideology and social status. Most people understood the politics of Oromummaa in the context of being Oromoo, speaking Oromoo language (afaan Oromoo) and/ or supporting ongoing liberation struggle for Bilisummaa or Independence of Oromia. For these Oromoos it does not matter if they are practicing Christian, or Islam, or continually having foreign names for themselves and their children, dismembering themselves and families from the Oromoo Gadaa Institutional practices and age classes. To foster an authentic Oromummaa, all Oromoo social groups must be loyal to the authentic Oromoo Gadaa institutions, cultural traditions and religious practices.
In this context, we need to rethink the true meaning of Oromummaa and identify culturally relevant variables and redefine it in meaningful ways so as to foster Oromummaa as shared value by all or majority Oromoo population. I am convinced that being an Oromoo and speaking Afaan Oromoo simply do not foster the true meaning of Oromummaa and the integration of the Oromoo people. Language is a vehicle that transports values of the native speaker. For example, a written Bible or Quran in afaan Oromoo helps the Oromoo literature to advance. However, this does not necessary means it advances the Oromoo values. Many young Oromoo men and women go to the Pentecostal Church (widely known as Penxxee) because they mistakenly believed the evangelists in Oromiyaa foreign agents speaking afaan Oromoo and using it as a vehicle to transport the European values and life style within the Oromoo Gadaa Society at the expense of Oromoo Gadaa culture, tradition and beliefs. Evangelists teach Oromoo children erroneously as if Oromoo Arts and Music are objects of sin and they have to distance themselves from it. The same is true for Oromoo who are the followers of Islam, except for their relative appreciation and enduring the Oromoo arts and music. Nevertheless, they also mistakenly believed that preaching Islam in afaan Oromoo would advance Oromummaa. In practice, however it advances Isilamummaa just like Khirstanummaa. It seems to me offensive to the Oromoo tradition to hear that when a Muslim Oromoo elders invited to open or close Oromoo Community meetings or conferences in diaspora or in Oromiyaa set a tone by saying “Allahu Akbar” , which was once Arabs military marching song in 1950s; meaning “God is Great”, in English. This is not the way Oromoo Gadaa forefathers (Abbootti Gadaa Oromoo) had executed blessing traditionally. Thy start and end with Afaan Oromoo starting with Hayyee and ending with Hayyee! I believe that we have to get out of such complacency. This is about honest debate. If we want have God given freedom, self-governance, we must strive for everything that is ours particularly the one that has inherent conflict with Oromummaa. We cannot mix chemicals that cannot be mixed together because it might cause life threat agent. I think Mr. Jawar Mohammad has mixed unfriendly elements, politics and religion, and he should not mix them. The reason why the Western world afraid of Iranian regime is the politics and religion in Iran are highly mixed and seen as one and the same by rulers.
The reason why the Western world afraid of Iranian regime is the politics and religion in Iran are highly mixed and seen as one and the same by rulers. As the Oromoo cause, it seems self-contradictory and Hippocratic to say “all Muslims are brothers” when we have been the victims in the hand of neighboring Muslim countries. Let’s accept the fact that Oromoo are majority in Ethiopia as ethnic group and as Muslim. This does not mean that Oromiyaa is seeking for the membership of the Arab league. Oromiyaa shall seek to become the member of United Nations raising Black-Red-White [Gurraacha-Dimmaa-Adii (GaDAa)]. If being Muslim pays off why on earth the Somalis’ armed forces who are overwhelmingly Muslim have killed and evicted hundreds of thousand Oromoo communities from their forefathers’ homeland, Eastern Oromiyaa in May 2013? Why the Oromoo Liberation forces denied shelter and support from neighboring Muslim country if being Muslim makes us brothers by default? In conclusion, Oromummaa and Islamummaa are two different animals. One must reframe from mixing religion with politics that undermine authentic Oromummaa. As Duula put it clearly that we must always separate religion and state, so that we are not creating any confusion for our nation. Thus, when taking stage and speaking about State politics and religion, one must make sure that people understand what exactly we are talking about, and we also have to make sure we are not confusing people. Oromoo identify is manifested in authentic Oromummaa which includes everyday activities of life such as bearing authentic Oromoo name that earned through Hammachiisaa, practicing genuine Oromoo Gadaa culture and traditions. We all are Oromoo not Muslim or Christian. Instead, we all are just the childrenIlmaan Gadaa Oromoo. To revitalize the elements of authentic Oromummaa, we Ilmaan Gadaa Oromoomust come together under a pragmatic and genuine organizational leadership. We must make very clear our stands about authentic Oromummaa to our friends and foes that the Oromoo cause are not a leisure that one tries to capitalize on to pursue political and/or professional ambitions. The Oromoo struggle for liberation must be destined for Independent Gadaa Republic of Oromia/Oromiyaa from Abyssinian political colonization and foreign religious and cultural dominations. We ilmaan Gadaa Oromoo have a sacred duty to achieve these goals and restore the Oromoo people’s dignity and respect once again at whatever price. For now all we can do is hope for peace and united forces and resources of the ilmaan Gadaa Oromoo. The Gadaa Republic of Oromiyaa shall be Free! Gadaan Oromoo Gabbina! Nahoofkalchaa.
Tooftaa wal dorgommii filannoo ti moo waan dhugaa hojiirra oolu? Abdii Boruutiin Barruu gabaabaa kana akkan dhiyeessu kan na godhe, filannoo impaayara Itoophiyaa keessatti ta’uuf deemu ilaalchisee barruu tokko dubbisuu kooti. Barruun dhiyoo kana ba’e kun jaarmayoonni mormitootaa kan MEDREK jedhaman yoo filannoo kana injifatan Afaan Oromoo Afaan hojii kann lammataa akka godhan (akka ta’u) labsan jedha. Kuni tooftaa filannoo ittiin mormanii fi ittiin injifachuu danda’an ta’ee fi dhuguma sagantaa hojii dhaan mul’achuu danda’u ta’uu isaa mee yoo isaan filannoo injifatan booda agarra. Filanoo’umtuu kan deemookraasii ta’ee injifannoon yoo argamuu danda’e jechuu kooti. Filannoo dabre kan bara 2005 yoo yaadanne mormitoonni guddoon yeroo sanaa warra tokkummaa immiyyee Itoophiyaa isaanii keessumaayuu sirna federaalaa diiganii biyya takka akkuma dur, Afaan olaanaa takkaan (Afaan Amaaraatiin) bultu uumuu ykn deebisanii ijaaruu warra hawwan turan. Filannoo baranaa kan adda godhuu danda’u mormitoonni guddoon, waraqata irrattis ta’u, warra deemookraasii haqaatti ni amanna, federaala dhugaa ni ijaarra, gaafiin uummatootaa deebii argachuu qaba, kanaafi illee ni dhaabbanna warra jedhanii dha. Karaa biraatiin yoo ilaalle ammoo jaarmayoonni siyaasaa Oromoo OFC (tokkummaa OPC fi OFDM) mormitoota guddoo kana keessa jiraachuu isaanii ti. Labsi baye jedhame kun xinnaatu illee dhiibbaa jaarmayoonni Oromoo lamaan kun godhuu danda’aniin kan ka’e jedheen yaada. Wanti guddaan kan hubatamuu danda’u fi dhugaan ifatti mul’atee jiru, qabsoon bilisummaa Oromoo (QBO) hamma galii booddee ga’utti dhaabbachuu akka hin dandeenye dha. Waayeen kuni alagaa fi diinaafi illee ifa ta’ee jira. Abbaan fe’e fi humnni cimaan fe’e yeroo dhaaf tursiisuu yaalu malee QBO galii booddee irraa hanbisuu hin danda’u.
Yaaliin OFCn godhe fi godhaa jiru kan akka laayyootti ilaalamuu miti. Haala ulfaataa kana keessatti, qawwee diinaa jalatti wareegama guddaa kaffalanii sadarkaa kana irra jiraachuun isaanii jabeenya fi obsa guddaa dha. Dhugaa dubbachuu dhaaf jaarmayoota bilisa baasaa Oromoo kan biyya alaa jiran caalaa tattaaffii guddaa godhaa jiru. Wanti biraa illee yoo hafe yeroo ammaa yeroo rakkisaa kana keessatti tumsa walii ta’uu dhaaf tokkummaa ijaaruun isaanii (OPC fi OFDM jechuu kooti) jaarmayoota Oromoo kan biyya alaa jiraniif illee fakkeenya ta’uu danda’u jedheen amana. Tokkummaan bakka fe’ettuu barbaachisaa dha. Har’a waliigaltee uumuunu injifannoo tokko dha. Otuu jaarmayoonni Oromoo kan biyya alaa jiran hamma kana waliigaltee uumanii, tokkummaa ijaarani, qaata qabsoo kana keessatti tarkaanfii guddaa tokko fuulduratti deemnee turre. Otuu yeroo OFCn Oromiyaa keessatti yaalii akkanaa godhu warri ala jiran ammoo waliigaltee godhanii, tokkummaa dhugaa ijaaranii, humna cimaa horatanii, qabsoo kana finiinsanii, diinarratti dhiibbaa guddaa waan uumaniif qaata jijjiiramni guddaan tokko argamee ture. Keessaa fi alaan qabsoon waan irratti cimuu danda’uuf qaata humni diina keenyaa laafee ture jechuu kooti. Barruu kiyya kanan yero tokko mata duree Walittibaqinsa, Tokkummaa, Tumsa – W T T (Waa Taa Taa) jedhu jalatti dhiyeesse keessatti waayee tumsa jaarmayoota Oromoo kaaseen ture. Akka filannoo (option) tokkootti kanan dhiyeesse, tumsa jaarmayoota bilisa baasaa Oromoo kan biyya alaa jirani fi OFC dha. Akkuman kanaa olitti ibse, otuu dura warri biyya alaa jiran tokkoomanii sana booda ammoo warra biyya keessa (Oromiyaa keessa) jiran wajjin (waliin) tumsa ijaaranii, kuni bu’aa guddaa fiduu danda’a jedheen amana. Tumsa biraa otuu hin barbaadin dura mooraa QBO keessatti tumsa humnoota Oromoo ijaaruun barbaachisaa dha. Karaa gaariin kan QBO cimsuu danda’u kana jedheen yaada.
Egaa tooftaa filannoo yookaanis dhugaa hojii dhaan mul’achuu danda’u haa ta’u, yoo dhuguma deemookraasii haqaa fi federaala dhugaa ijaaruu barbaadan kan ta’uu qabu Afaan Oromoo Afaan hojii federaalaa godhuu dha. Kanaaf humnoonni deemookraasii xinnaatu illee uummata Oromoof kan godhuu qabanii dha. Haala amma jiru ulfaataa fi rakkisaa kana keessatti, OFCn ammoo wanti godhuu danda’u yoo baay’ate injifannoo kana agarsiisuu dha. Waayee kana yoon barreessu yaada fi fakkeenya Fayyis Oromiyaa barruulee isaaa keessatti yeroo baay’ee kaase tokkon yaadadha. Fakkeenyi inni kaases karaa fi kaayyoo QBO ilaalchisee deemsa Dijiboutiitti jalqabee, Dirre Daawaa fi Adaamaa keessa dabreee Finifinneetti xumuramuu ti. Kan kanumaan wal qabate kaayyoo QBO karaa saditti baasee ibsee ture. Kaayyoon inni Afaan Ingiliziitiin I-kaayyoo kan amma dafee nu barbaachisu ykn kan yeroo gabaabaa,M-kaayyoo kan yeroo jiddugaleessaa fi E-kaayyoo kan yeroo dheeraa ykn kan dhumaa jedhee ibse dha. Kan inni achitti ibse gadifageenyaan asitti ibsuu ykn dhiyeessuu hin barbaadu. Akka natti fakkaatutti humnoonni deemookraasii kan MEDREK jedhaman, kan OFC of keessa qabu, dhuguma uummata Oromoof xinnaatu illee bu’aa tokko kan fidu yoo ta’e gara kaayyoo yeroo gabaabaa (I-kaayyoo) sanatti nu geessuu danda’a jedheen yaada. Afaan Oromoo Afaan hojii federaalaa godhuun tarkaanfii guddaa tokko dha. Kana irratti bu’ureeffamee kaayyoon QBO kan galii booddee karuma kanaan sadarkaa sadarkaa dhaan itti fufa jechuu dha. Qabsoon kun daandii gaarii qabee hamma dhumaatti (hamma Oromoon bilisa ba’uu fi Oromiyaan walaba taatutti) akka itti fufu har’uma hundee gaarii ijaaruu barbaachisa.
Kanaaf ammoo OFC wajjin tumsa godhuun, isaan duuba dhaabbatanii jajjabeessuun, duubaan qabsoo cimsuun, tokkummaa dhugaa ijaaranii humna cimaa horachuun filannoo gaarii fi murteessaa dha jedheen amana. Akkuman kanaan dura illee barruu kiyya keessatti ibse, ani barumsa, ogummaa fi muuxannoo siyaasaa hin qabu. Miseensa jaarmayaa kamiituu waanan hin taaneef jaarmayaa tokko deeggaree kan biraa hin balaaleffadhu. Kanan barreessus yaada’uma fi ilaalcha kiyya dha. QBO fi uummata Oromoof gaarii dha jedhee waanan itti amanun barreessa. Kanaaf jaarmayaa ykn dhaaba fe’e haa ta’u kan bilisummaa Oromoo fi walabummaa Oromiyaaf dhaabbatu ykn qabsaa’u nan deeggara. Dogoggora hojjetan jedhee yoon itti amanes nan qeeqa. Kuni ammoo mirga abbaa fe’ee ti jedheen amana. Kaayoon isaanii kan yeroo gabaabaa (I-kaayyoo Fayyis) ta’u illee tattaffiin OFCn haala ulfaataa fi rakkisaa kana keessatti godhan kan jajamuu fi deeggarsa argachuu qabu dha. Dhugaa dubbachuu dhaaf yeroo jaarmayoonni Oromoo kan biyya alaa jiran waliigaltee uumuu dadhabanii, gara gara faca’anii, humna walii dadhabsiisanii argamanitti, haala ulfaataa fi rakkisaa keessatti akkasumas qawwee diinaa jalatti tokkummaa uumanii hamma danda’ame mirga uummata Oromoof tattaaffii godhuun isaanii jabaadhaa kan jechisiisu dha. Tokkummaan OPC fi OFDM ijaaran OFCn qabsaa’ta fi jaarmayoota Oromoo kan biyya alaa jiraniif fakkeenya ta’uu qaba. Yoo kaayyoo fi karaa tokkotti amanan, yoo galii booddee waliin qabaatan wanti waliigaltee fi tokkummaa akka hin ijaarre nama godhu waan jiru natti hin fakkaatu. Fe’ii, dhimma fi bu’aa mataa ofii dura kan uummata Oromoof dursa kan kenninu yoo ta’e tokkummaan dhugaa ofiif dhufuu danda’a.
Fe’ii, dhimma fi bu’aa mataa ofii dura kan uummata Oromoof dursa kan kenninu yoo ta’e tokkummaan dhugaa ofiif dhufuu danda’a. Kanatti amanuu qofaa barbaachisa. Yeroon ammaa yeroo tokkummaa dhugaa barbaadanii dha. Tokkummaa dhaan malee diina injifachuun hin danda’amu. Ani ammas kanan jedhu fi carraa kanaa irra deebi’ee dhaamsa kiyya Oromoo hundaafuu dabarsuu barbaadu, tarkaanfii takka illee haa taatu waan QBO kana keessatti gara fuulduratti nu oofu fi waan bu’aa tokko fiduu danda’u irraa of hin qusatinaa. Waliigaltee uumaa, kaayyoo waliin qabdani fi galii booddee waliin geessan ilaalaa, karaa humni itti cimu barbaadaa. Karaan kun ammaaf ykn hunda dura tokkummaa dhugaa ijaaruu qofaa dha. Sana booda humna cimaa horachuu dandeenya. Yoo humna cimaa qabaanne ammoo galii booddee irraa kan nu hanbisu dhiisii kan nu tursiisu illee hin jiru. Injifannoon xumuraa kan uummata Oromoo ta’a. Dhumarratti, ilmaan Oromoo kan mirga uummata keenyaaf jettanii miidhaa guddaan isinirra ga’aa jiru, kan wareegama kana kaffaluu dhaaf qawwee diinaa jalatti tattaaffii godhaa jirtan injifannoon keessani fi kan uummata keenyaas waan hin hafneef jabaadhaan isinii jedha. Galatoomaa. Hamma walitti deebinutti nagaan turaa. Abdii Boruu: aboruu@gmail.com
Habashaas ta’ee kan sammuun habashoome, lamaanuu farra qabsoo bilisummaa Oromoo ti Abdii Boruutiin Gara dhimma mata duree kanaa otuu hin seenin dura, Habashaa fi kan sammuun habashoome kanan jedhu gabaabinaan ibsuun yaala. Jechi “Habashaa” jedhu karaa adda addaatiin waan ibsamuuf ykn hiikamuus; waayeen kunis mormisiisaa ta’uu waan danda’uuf, asitti bal’inaan ibsuu hin barbaadu. Akkan barruu kana keessatti itti fayyadamutti garuu, “Habashaa” kanan jedhu gabaabumatti, warra nu gabroomsan ykn/fi ammallee gabrummaa kana keessa akka turru warra barbaadani jechuu kooti. Kan sammuun habashoome kanan jedhu ammoo, warra gabrummaa Habashaa jalatti kufanii; sirna kana keessatti karaa adda addaatiin ayidoolojiin isaanii jijjiiramee; eenyummaa isaaniillee dagatan ykn gaafii keessa galchani dha. Kun Oromoo qofaa otuu hin taane, saboota Habashaa dhaan gabrooman hundaayuu ilaala. Barruun kiyya kan xiyyeeffatu garuu Oromoota rakkoo akkanaa qabanitti ta’a. Akka waliigalaatti dhugaan hubatamuu qabu tokko, namni hin dammaqini fi eenyummaa ofiitti hin amanne, bilisummaa uummata ykn saba tokkoof yookaanis walabummaa biyya tokkoof dhiisii mirga ofiitiifillee falmuu hin danda’u. Of baruun eenyummaa ofii beekuu fi itti amanuun; seenaa fi aadaa ofii baruun; walumaagalatti dammaqinsa qabaachuun bu’ura mirga ofiitiif falmuu ti jechuu dha. Oromoo ta’uun qofaa gahaa miti. Oromummaa fi Sabboonummaan yoo hin bilchaanne fi hin guddanne, maaliif akka qabsoofnu beekuu fi qabsoo kana keessattis gahee taphachuun ykn qooda gumaachuun rakkisaa ta’a. Oromummaa fi Sabboonummaa guddisuun ammoo dammaqinsarraa madda. Oromummaa fi Sabboonummaan meeshaa qabsoo bilisummaa Oromoo (QBO) ti yoo jedhame, kun waan dhara ta’uu miti. Isaan kanaan bilchaachuu fi isaan kana guddisuutu qabsoo kanallee cimsuu fi galii hawwamutti geessuu danda’a.
Qabsoon bilisummaa Oromoo yoo jalqabu, keessumaayuu Addi Bilisummaa Oromoo (ABOn) sochii kana yoo eegalu, hojii karaa lamaa dalagaa akka ture eenyuyyuu jalaa waan dhokatu natti hin fakkaatu. Karaan tokko diinaan falmuu yoo ta’u, karaan biraa ammoo, uummata keenya dammaqsuu fi akka of baran; akka mirga ofiitiif falman taasisuu dha. Haala baay’ee ulfaataa fi walxaxaa ta’e kana keessatti wareegama guddaa kaffaluu dhaan Oromummaa fi Sabboonummaan akka guddatu taasise jechuu dha. Egaa, jijjiiramni bara 1991 argame qabsoo hadhaawaa sana keessa dabree akka ta’e seenaatu ragaa ta’a. Injifatnoolee gurguddoon, kan akka Qubee Afaan Oromoo fi Oromiyaa addunyaatti beeksisuun hafee, Oromoon of baree eenyummaa ofiitiin boonuu danda’uunuu akka injifatnoo guddaa tokkootti ilaalamuu qaba. Oromootni hunduu kanaan boonuu qabna. Bu’aaleen kun ammoo kadhaa dhaan otuu hin taane, dhiiga fi lafee ilmaan Oromootiin argaman. Gaafii guddaan ani asitti kaasu: Yeroo ilmaan Oromoo mirga keenyaaf jedhanii lubbuu isaanii dhaban, bu’aalee isaan nuuf argamsiisanitti fayyadamnee; eenyummaa keenyaaf quuqamuu dhiifnee; har’allee gabroomsaa keenyaaf meeshaa ta’uun sababni isaa maali? kan jedhu dha. Gaafiin biraa ammoo: Oromummaa fi Sabboonummaa keenyatu hin bilchaatin moo rakkoo ayidoolojii qabna? kan jedhu ta’a. Deebiin gaafiilee kanaa waan fedhes ta’u, kan sammuun habashoome, akka ilaalcha kiyyaatitti, farra qabsoo kanaa ti. Diina caalaa kan qabsoo kana gaaga’u, kan sammuun isaa hin bilisoominii dha. Namni tokko bilisummaa uummataa fi walabummaa biyyaatiif kan dubbachuu danda’u kana bira dabrees kan qabsaa’uu danda’u yoo mataan ykn sammuun isaa bilisa ta’e fi qulqullaaye qofaa dha. Nama sammuun bilisa hin taane ykn hin bilisoomne yoon jedhu garuu kun karaa lamaan ilaalamuu ni danda’a.
Inni tokko kan homaa hin dhaga’in fi hin beekne yoo ta’u, nama akkanaa barsiisanii akka of baru fi dammaqu taasisuun ni danda’ama. Wallaalummaa dhaan ykn otuu hin beekin waan mirga uummata Oromoo faallessu yoo dalage, kun yakka hin qabu. Inni biraa ammoo, otuu barumsa, beekumsa fi dammaqinsa qabuu; garuu sirna gabrummaa kana keessatti ayidoolojii qabsoo kana wajjin hin deemne waan qabuuf, sababa kanaan faallaa qabsoo bilisummaa dalaga. Ayidoolojii akkanaatu akka eenyummaa ofiillee dagatu ykn gaafii keessa galchu isa taasisa jechuu dha. Namni eenyummaa ofii dagatu fi isa kanaaf dursa hin kennine ammoo, tajaajiltuu diinaa ta’ee hafa. Isa kanatu yakka guddaa dha; isa kanatu farra qabsoo bilisummaa Oromoo ti. Gaafiin deebii argachuu qabu garuu, “Maddi sababa kanaa maali?” kan jedhu dha. Deebii quubsaa fi amansiisaa argachuuf xinxala bal’aa godhuu fi gadi fageenyaan qorachuun barbaachisaa ta’ullee, sababoota tokko tokko tuquun ni danda’ama. Isaan kanas gabaabinaan ibsuun yaala. Sirna gabrummaa Habashaa bar-dhibbee tokkoo ol nurra ture fi jiru kana keessatti wanti ayidoolojii namaa jijjiiran waa baay’eetu hojjetaman. Tokkoffaa, waan hojjetaman keessaa inni hangafnni tokko amantii meeshaa godhatanii; isa kanaan akka dhimma keenya dagannu taasisuu dha. Sirna kana keessatti ammoo kan gahee guddaa taphate fi furtuu ta’e, amantii Ortodooksii Kristaanaa ti. Asirratti wantin hubachiisuu barbaadu, amantii kanarraa jibba qabaadhee ykn/fi olola irratti oofuuf otuu hin taane, kan dhaga’ame, argame fi ragaallee qabu waan ta’eef, dhugaa lafa jiru kana ibsuufi. Kan dur godhaamaa turellee yoo hafe, har’allee dhugaan kun dhokachuu hin dandeenye; hawaasa keessatti mul’achaa waan jiruuf dhokachuus hin danda’u.
Wanti hubatamuu qabu garuu amantiin kamiiyyuu, yoo siyaasaaf meeshaa hin godhamne, qulqulluu ta’ee jiraachuu fi kabajas argachuu qaba. Amntiin Ortodooksiis akka amantii tokkootti akkanumatti ilaalamuu qaba. Sirna gabrummaa Habashaa kana keessatti kan mul’achaa fi calaqqisaa jiru garuu fallaa kanaa ti. Akkan ofii kiyyaa argee fi hubadhetti, diina caalaa har’a kan qabsoo bilisummaa keenyaa kanaan morman Oromoota karaa amantii kanaan sammuu isaanii habashoomsani fi eenyummaa isaaniillee gaafii keessa galchanii dha. Keessumaayuu Oromootni yeroo dur, jechuun yeroo mootummaa Haila Sillaasee fi mootummaa Darguu biyyaa bahn, har’allee sammuu’uma dur sanaan yaaduu isaanii ti. Jijjiiramni bara 1991 QBOn fide ija fi gurra isaanii waan seene hin fakkaatu. Kan baay’ee nama gaddisiisu ammoo, “Oromoo” jechuu dhiisanii jecha diinni fi alagaan nuuf moggaasaniin qaanii tokko malee of yaamuu isaanii ti. Kun dammaqinsa dhabuu dha moo diina fi alagaa gammachiisuufi? Sabani isaanii waan fedhes haa ta’u, ani warra akkanaa diinaan addaan baasee hin ilaalu. Diina caalaa isaantu farra QBO ti yoon jedhe dhara hin ta’u. Lammaffaa, gahee guddaa kan taphate fi taphachaa jirus Afaan Habashaa (Afaan Amaaraa) ti. Asirrattis sirna gabrummaa Habashaa kana keessatti ayidoolojiin hangam sammuu namaa akka jijjiire hubachuun nama hin rakkisu. Warri nu Oromoo dha ofiin jedhan ykn dhuguma dhalootaanis Oromoo ta’an, Afaan abbaa fi haadha isaanii otuu jiruu; kana dubbachuun tuffii ykn har’allee qaanii itti fakkaatee, Afaan alagaa kanatti fayyadamuu isaanii ti. Asirrtti wantin hubachiisuu barbaadu, Afaan alagaa dubbachuun farraa QBO ti jechuu kiyya akka hin taane dha. Warri Afaan gabroomsaatiif kabaja fi dursa kennan kun, Qubee Afaan Oromoo QBOn dhalche kanallee akka qoosaatti ilaalu.
Akka waan ofii isaaniitiif Oromoo hin taa’inii, qubee keessan kana jedhanii qoosuu barbaadu. Baratanii itti fayyadamuun hafee, akka Qubeen teenya jiraattuu waan barbaadan hin fakkaatu. Oromummaa fi Sabboonummaa akka dhiphinaatti ilaalu. Waan gabroomsaan isaaniin jedhe dabarsanii lallabuu barbaadu. Bilisummaa Oromoo fi walabummaa Oromiyaa akka tapha ijooleetitti ilaalu, itti qoosu. Akka isaanitti himametti, tokkummaa Itoophiyaatiif mudhii qabatanii mormu. Galgalaa fi ganama isuma kanaaf sagadus. Afaan Amaaraa haasa’uun ykn dubbachuun; sirba Afaan Amaaraa dhaggeeffachuun; fiilmii (diraamaa) Afaan kanaan hojjetame ilaaluu fi isa kana qofaa dinqifachuun; kitaabota Afaan kanaa dubbisuun; aadaa Amaaraa ol kaasuu fi kan biraa gadi qabuun; amantiin Ortodooksii addunyaa kanarratti amantiilee hundaa caalaa qulqulluu akka ta’e godhanii olola afarsuun; kan biraa tuffachuun; walumaagalatti eenyummaa Habashaatiif ol aantummaa kennuun hammayummaa ykn baranee ta’ee isaanitti mul’ata jechuu dha. Diina caalaa kan Sabboontota Oromoorratti qeeqa tuulan jara kana dha. Jaarmayoota fi qabsaa’ota keenya jidduutti rakkoon yoo uumamu, kan dafanii quba ol qaban wara akkanaa ti. Bakkee Oromummaan itti calaqqisutti argamuu akka du’aatti jibbu. Bataskaana Ortodooksii fi bakkee ciinni Habashaa jirutti kan dursanii argaman garuu isaani. Sadaffaa, kan biraa ammoo fuudha fi heerumsaan Habashaa wajjin walitti makamuu dha. Akka teessoo lafaa Oromiyaatti, sirna gabrummaa kana keessatti rakkoo guddaa kan nutti fide tokko waayee fuudha fi heerumsaa kana. Asirrattis wantin hubachiisuu barbaadu, Oromoon karaa kanaan alagaa wajjin walitti hin makamin jechuu kiyyaa miti. Kun mirga abbaa fedhee ti. Abbaan fedhe kan jaalate fuuduu ykn heerumuu ni danda’a; kun mirga ilma namaa ti.
Abbaan fedhe kan jaalate fuuduu ykn heerumuu ni danda’a; kun mirga ilma namaa ti. Haa ta’u malee, karaa kanaan Habashoota wajjin walitti makamuun keenya qabsoo keenyatti gufuu akka ta’e ykn ta’u waan nama mamsiisu natti hin fakkaatu. Har’a yoo waayeen QBO ka’u, Oromootni fuudha fi heerumsaan Habashoota wajjin walitti makamani fi jidduutti ijoollee godhatan, wanti isaan dafanii dubbatan, yoo Ormiyaan fottoqxe (akka Habashootni isaaniin jedhanitti) yookaanis yoo Oromiyaan walaba taatu ijaaramte (akka Sabboontotni Oromoo jedhanitti), ijooleen keenya akkam ta’u? jechuu dhaan; waan hin taane sababa godhanii qabsoo kanatti gufuu ta’uu barbaadu. Erga qabsoo kana dura dhaabbatani, isaan kunis akka farra QBOtti wanti hin ilaalmaneef sababni waan jiru natti hin fakkaatu. Barruu kiyya xumuruu dhaaf, egaa, har’allee QBOn kan xiyyeeffatu diina qofaatti otuu hin taane, keessa ofiituu qulqulleessuunuu qabsoo biraa ti jechuu dha. Har’as akkuma kaleessaa uummata keenya barsiisuu fi dammaqsuurratti; Oromummaa fi Sabboonummaa guddisuurratti beekumsa fi dandeettii keenya akkasumas yeroo keenya fixuun dirqama ta’uun isaa hin oolu. Yoo kuni hin taane ammoo, baay’ina keenya himachuu qofaan gahaa hin ta’u. Aynaa Oromummaa fi Sabboonummaatu murteessaa dha. Dura rakkoolee nu keessa jiraniif furmaata barbaadnee; sana booda tokkummaa keenya ijaaruu qabna jechuu dha. Tokkummaan Oromummaarratti hin hundoofne ammoo tokkummaa dhugaa ta’uus hin danda’u. Hanga kun hin milkaa’initti diinaaf saaxilamuu fi diinaaf meeshaa ta’uun keenya waan dhaabbatu hin ta’u. Yoo haalli kun akkanumatti itti fufe ammoo, bilisummaan achi fagaachaa akka deemu waan nama mamsiisuu miti. Mana keenya qulqulleessuun dursa (priority) argachuu qaba. Galatoomaa! Abdii Boruu: aboruu@gmail.com
Haala yeroo ammaa deemaa jiru kanarraa maal hubachuu fi barachuu dandeenya? Abdii Boruutiin Qabsoon Bilisummaa Oromoo (QBOn) erga jalqabee kaasee hanga har’aatti, bu’aa ba’ii baay’ee keessa dabree akka sadarkaa kana gahe seenaatu ragaa ta’a. Qabsoon bilisummaa hadhaawaa dha kan jedhamus sababni inni tokko kanumaafi. Qabsoo hadhaawaan injifannoo midhaawaa akka fidu garuu mamiin hin jiru. Hamma injifannoon xumuraa midhaawaan argamutti qabsoo hadhaawaa unachuun waanuma addunyaa kanarra jiru dha. Kan Oromoos kophaatti bahee adda ta’uu hin danda’u. Kanaaf, rakkoon kamiiyyuu keessaa fi alaan isa muudatullee, QBOn galii hawwmu ga’uun isaa waan ooluu miti. Haa dheeratu ykn haa gabaabbatu; haa turu ykn haa daddafu malee, injifannoon xumuraa kan uummata ykn saba Oromoo akka ta’u shakkiin takk hin jiru. Kana argachuuf garuu qabsoo keessa fi alaan qormaanni itti baay’ate kana itti fufuun waan filannoo hin qabne ta’a. Qabsoo kana gananii alagaa ykn/fi diinatti makamanii isaan tajaajiluun waanuma kaleessa ture; harras jiru fi borullee argamuu danda’u waan ta’eef, yeroo’uma rakkoon akkanaa uumamu fi mul’atu wacuu fi yeroo haalli kun tasgabbaawu ykn qabbanaawu deebi’anii dhimma ofii dagachuun furmaata bu’uraa ta’uu hin danda’u. Furmaata fiduu kan danda’u rakkoo uumamerraa baratanii; haala akkanaa kana keessaa akkamitti ba’uu akka danda’an yaaduu fi karaa rakkoo kana keessaa nama baasu barbaaduu dha. Kan dabrerraa baratanii; haalli akkanaa deebi’ee akka hin uumamne godhuu; akka deebi’ee hin dhalanne godhuun yoo hin danda’amne ammoo akkamitti dursanii akka of qopheessan yaaduu dha. Maaltu ta’e ykn ta’aa jira jedhanii dinqamuurra akkamitti fi garamitti rakkoo kana keessaa baana jedhanii mala barbaaduu jechuu dha.
Mee gara dhimma mata duree kanatti deebi’ee; waan yeroo ammaa deemaa jiru ilaalchisee waan tokko tokko jechuun barbaada. Akkuman kanaa olitti tuqee dabre, qabsoo kana gananii alagaatti makamuun ykn alagaa wajjin hojjechuun; projektii hin milkoofne yaaluun waan haaraa miti. Wanta yeroo ammaa QBO keessatti godhame ykn mul’ate kan adda isa godhu garuu, waggota afurtama booda kaayyoo Addi Bilisummaa Oromoo (ABOn) ittin ijaarame fi qabsaa’uuf, jijjiiranii; jiraachuu jaarmayaa jaalatamaa fi abdatamaa kanaallee gaafii keessa galchuu dha. Jaarmayaa kana keessaa bahanii; diinatti ykn alagaatti makamanii; akka jaarmayaan kun jibbamu olola irratti oofuun waan barame ta’ullee; kan yeroo ammaa uumame kun garuu kaayyoo jaarmaichaa balleessuuf qofaa otuu hin taane, Oromummaallee gaaga’uu ta’a. Maaliif yoo jedhame, Oromummaan akka guddatu kan taasise qabsoo ABO dhaan hogganame fi gaggeessame waan ta’eefi. Ani jara, sagantaa fi kaayyoo ABO jijjiirre jedhan kana, isaan Oromoo miti; Oromoo dhaaf hin qabsaa’an yookaanis ammoo, ergamtoota diinaa ti jedhee yaaduun, fudhachuu fi mormuunis na rakkisa. Nama tokko garuu hojiin inni dalagu eenyummaa isaa mul’isuun hin oolu. Waayee kana ammaaf akkuma jirutti dhiisee; gara dhimma keenyaatti deebi’uun barbaada. Itoophiyaa diimookraatessuus ta’e; sirna federaalummaa dhugaa ijaaruuf; Afaan Oromoo Afaan biyyoolessaa fi Afaan Federaalaa godhuu yaaduun, akka yaadaatti, waan haaraa dhalatee miti. Kun waan yaalamaa ture fi yaalamaa jirus dha. Keessa isaanii beekuu baadhullee, akkan arguu fi dhaga’utti, Waafidoo fi Kongresiin Uummata Oromoos (OFDM fi OPC) yaada’uma akkanaa waan qaban natti fakkaatu. Kuni otuu jiruu sagantaa ABO jijjiiruun maaliif barbaachiseree? Lakkii isaan, warri biyya keessa jiran, warra karaa nagaatiin qabsaa’anii dha kan jedhamu yoo ta’e ammoo, Jeneraalotni keenya yaada sana fudhatanii; qabsoo hidhannoo gaggeessanii; waan barbaadan sana galii dhaan ga’uun isaanii baay’ee na shakkisiisa.
Habashoota wajjin tumsa ijaarree kaayyoo keenya galii dhaan geenya kan jedhanis yoo ta’e, kan adda isaan godhu biyya alaa jiraachuu isaanii ti malee, warri biyya keessa jiranis (OFC) tumsa Habashaa hin laganne. Tumsa MEDREK jedhamu ijaaranii; yeroo ammaa isa kanallee gara Addaatti (Front) jijjiiraa akka jiran waan beekamuu dha. Yaaliin kun hunduu kaayyoo galii dhaan gahuu barbaadan sana waan milkeessu hin fakkaatu. Sanas ta’ee kana, kun dhimma isaanii ti. Hunduu karaa itti amananii fi danda’aniin hojjetanii Wayyaanee nama-nyaataa kana kan kuffisan yoo ta’e, ani akka nama tokkootti kanarraa rakkoo hin qabu. Gaafiin asirratti ka’uu qabu garuu: Karaa jarri (Jeneraalotni) filatan kun uummata Oromootiif bu’aa fidaa? Yookaanis ammoo, dhiibbaan inni mooraa QBO keessatti qabu maali? kan jedhu dha. Sagantaa fi kaayyoo ABO jijjiiruun Oromoota baay’ee dallansiisee; Habashoota ammoo gammachiisuun akkuma jirutti taa’ee; adeemasa jara kanaa karaa adda addaatiin ilaaluu fi hubachuun barbaachisaa dha. Mee innumtuu hojiirra haa oolu malee; sagantaan jarri baafatan, akka yaada fi waraqatarra ooletti, Oromoo dhaaf waan badaa ta’u hin fakkaatu. Akkana yoon jedhu, bu’aalee hanga har’aatti QBOn argamsiise fi harka keenyatti galfanne, akkuma jiranitti qabannee fi tikfannee; bu’aalee sana caalan itti dabalachuu kan dandeenyu yoo ta’e, kun Oromoo dhaaf injifannoo ta’uu danda’a jechuu kooti. Otuu mooraa fi humna ofii hin cimsin, Habashoota wajjin hojjennee isa kana mirkaneessuu ni dandeenya jechuun garuu waan nama shakkisiisu dha. Karaa biraatiin yoo ilaalame garuu, adeemsi jaraa kun, jalqabumarraa kaasee rakkoo uumaa waan jiruuf, kana bira dabree, bu’aa argamsiisuun isaa gaafii guddaa ta’a.
Akka dhaga’amu fi hubatamutti, garee warra jijjiiramaa kana keessatti namootni bakkee saditti waan bahan fakkaata. • Tokkoffaa, warra sagantaa ABO jijjiirani fi karaa kanaan deemuu barbaadan, warra ani barruu kana keesasatti jara (Jeneraalota) jedhee dubbachaa jiru dha. Jeneraalota qofaa otuu hin taane, warra isaaniin hogganamanis dabalatee jechuu kooti. • Lammaffaa, warra bara 2008 KY ABO jedhanii ijaarani fi hanga har’aatti waliin turani; amma garuu adeemsa jaraa kanaatiin mormanii fi asuma keessattuu koree yeroo kan biraa ijaaruu yaadanii dha. • Sadaffaa, warra Onkoloolessa 31 bara 2009 KY ABO sanatti makamanii fi har’a adeemsa jaraaa kana balaaleffatan, fakkeenyaaf warra Adda Walabummaa Oromiyaa (AWO) turani dha. Egaa otuu akkanati addaan hiramuun mul’atuu, namootni muraasni kaayyoo ABO jijjiiranii galii barbaadan ga’uun waan milkaawu fakkaataa? Yeroon nutti haa agarsiisitu! Kanaaf, keessa ofii otuu hin qulqulleessin fi humna ofii otuu hin cimsin; Habashoota wajjin hojjetanii kaayyoo barbaadan galii dhaan ga’uun hafee; humni jiruu gara gara hiramee waan laafuuf, mooraa QBO kana keessatti rakkoo biraa uumuun isaa hin oolu. ABO garee shanaffaa fi jahaffaan ijaaramuu maluu laata? Deebii gaafii kanaa Waaqayyo/Rabbi haa beeku. Kan ta’es ta’u, kun dhiibbaa haalli kun mooraa QBO keessatti godhuu danda’u keessaa isa karaa tokkoo ti. Karaa biraatiin garuu haalli amma uumame kun mooraa keenya (mooraa QBO) keessatti carraa (opportunity) tokko banuu danda’a. Inni kunis tokkummaa qabsaa’otaa fi jaarmayoota keenyaaf, kan yeroo dheeraaf hawwamaa ture, mirkaneessuuf karaa banuu danda’a jedheen yaada.
Yaaliin akkanaa ammoo, yoo amma hin milkoofne yoomiyyuu milkaawuun isaa sodaachisaa dha. Yoo dhimmi uummata ykn saba keenyaa amma Oromoota quuquu baate, yoomiyyuu quuquu hin danda’u. Yoo har’a sagalee tokko dubbachuu hin dandeenye, yoomiyyuu sagalee tokko dhageessisuun rakkisaa ta’a. Yeroon waliin mari’atan, wal dhaggeeffatan, wal hubatani fi tokkooman amma ta’uu baannan yeroon namaa mijaa’u hin argamu. Adeemsa siyaasaa fi/ykn qabsoo keessatti garaagarummaan ilaalchaa yoomiyyuu hin dhabamu. Haa ta’u malee, garaagarummaa xixiqqoof jennee, waliigaltee dhabuun keenya; hidda baasaa dhufee har’a maalirraan akka nu gahe hubachuu qabna. Mooraa waliigaltee fi tokkummaan hin jirre qaawwatu itti baaya’ata. Qaawwa argatan kanaan ammoo, diinni fi alagaan nama keessa seenanii nama diigu. Otuu duraanuu waliigaltee fi tokkummaan jiraate, har’a haala ammaa kana keessa hin seennu turre. Kan kana caalu akka nutti hin dhufne, kan dabrerraa barannee; har’a nu gaye jechuu qabna. Haalli har’a uumame kun yoomiyyuu caalaa diina fi fira QBO addaan baasnee akka ilaallu fi hubnnu nu taasisa. Yeroon tokkoomanii adeemsa ofiis ifa godhan amma ta’uu qaba. Balaa nutti deemaa jiru, otuu nu bira hin gahin, alaalatti arguu danda’uu qabna. Akkamitti balaa kanas akka ofirraa ittisnu beekuus qabna. Humna mooraa keenyaa cimsuu qabna. Humni cimaa fi abdachiisaan ammoo tokkummaarraa akka dhufu waan nama mamsiisuu miti. Tokkummaan humna akkanaa dhalchu ammoo, tokkummaa dhugaa, kan kaayyoo tokkoof uumamu ta’uu qaba. Yeroo’uma wanti tokko uumamu dallansuu dhaan (emotionally) garanaa fi garasii iyyinee; yoo haalli kun tasgabbaaye ammoo, deebinee dhimma keenya dagachuu; amaluma dur qabnu agarsiisuu otuu hin taane, haala keessa jirru; dura fi duuba, bitaa fi mirga keenya ilaaluu fi hubachuun yeroon isaa amma ta’uu qaba.
Yeroo’uma wanti tokko uumamu dallansuu dhaan (emotionally) garanaa fi garasii iyyinee; yoo haalli kun tasgabbaaye ammoo, deebinee dhimma keenya dagachuu; amaluma dur qabnu agarsiisuu otuu hin taane, haala keessa jirru; dura fi duuba, bitaa fi mirga keenya ilaaluu fi hubachuun yeroon isaa amma ta’uu qaba. Makmaaksa tokkon yaadadhe. Ballaatu (jaamaatu) manatti ibidda qabsiisee, yoo manni gubatu “Amma naaf ife” jedhe, jedhan. Akka makmaaksa kanaas akka hin taane, garuu alagaa fi diinni ibidda nutti qabsiisanii waan jiraniif, ibiddi boba’aa jiru kun nutti haa mul’atu. Ibidda kanas gamtaa dhaan haa dhaamsinu. Gamtaan kun ammoo tokkummaa keenya. Oromiyaa fi Oromummaan gaaga’ama guddaa keessa jiru. Oromoo, hirriibni si gayee ka’ii dammaqi. Kan dhimmi saba keetii si quuqu, ka’ii gahee kee taphadhu; qooda kee gumaachi. Harmeen teenya Ayyoo Oromiyaan gaaga’ama keessa jirtii, ija kee banadhuu ilaali. Boru seenaan si gaafataa kana hin dagatin!!! Galatoomaa! Abdii Boruu: aboruu@gmail.com
Xalayaa: Hogganoota QBOtiif – Tokkummaan qabsaa’ota Oromoo yoomiyyuu caalaa amma barbaachisaa dha Abdii Boruutiin Duraan dursee, xalayaa kana yoon barreessu haala Qabsoo Bilisummaa Oromoo (QBO) isin caalaan beeka jechuuf otuu hin taane; yookaanis ammoo isin caalaa dandeettii qabaadhee isin gorsuuf ykn isin ajajuuf otuu hin taane, akka ilma Oromoo tokkootti dhaamsa Oromummaa fi Sabboonummaa isiniif erguufi. Xalayaan kiyya kun dubbisamee kan hirraanfatamullee yoo ta’e, yoo xinnaate yeroo isa dubbistan, eessaa kaanee eessa akka jirru; garamittis deemaa akka jirru akka yaadattanii fi haala keessa jirrus sirriitti akka hubattan isin gaafachuufi. Keessumaayuu warri mooyxannoo bara dheeraa qabsoo kanarraa argattani fi wareegama guddaa kaffaltanii as geessan, bu’aa ba’ii keessa dabartan hundaa yaadachuu dhaan; qabsoon keenya kun akkamitti daandii gaarii akka qabatu godhuuf yoomiyyuu caalaa dirqama keessan akka baatan abdiin qaba. Akkuma beekamu Addi Bilisummaa Oromoo (ABOn) jaarmayaa jaalatamaa fi abdatamaa qofaa otuu hin taane, jaarmayoota siyaasaa Oromoo, kan walaba ta’anii ijaaraman keessaa isa hangafa dha. Jaarmayaa Jeneraal Waaqoo Guutuutiin ijaarame – Adda Tokkummaa Bilisummaa Uummata Oromoo (ATBUO) irraa kan hafan, jaarmayootni bilisummaa Oromoo fi walabummaa Oromiyaatiif ijaaraman ykn uumaman hunduu, sababa adda addaatiin warra ABO keessaa bahaniin ykn ABOrraa fottoqaniin akka uumaman ni yaadatama. Waayee kana ammoo isin caalaa beekee otuu hin taane, dura dhimma kana kaasuun barbaachisaa waan ta’eefi. Jaarmayootni sababa fottoqinsaatiin ykn sababoota birootiin uumaman kun ammoo, garri caalaan isaanii erga ABOn mootummaa ce’umsaa Itoophiyaa keessaa bahe, bara 1992 boda, akka ta’an ni beekama.
ABO keessa ilaalchi siyaasaa adda addaa turuu fi ammallee jiraatus, hanga bara 1991tti tokkummaan qabsaa’ota Oromoo akka har’aa laafaa akka hin turin waan ragaa qabu dha. Ani yeroo sana biyya keessa turuu baadhullee, bara 1991 hanga ABOn mootummaa ce’umsaa keessaa bahutti, tokkummaan qabsaa’ota keenyaa akkam akka ture “Gullalleetu ragaa ta’uu danda’a” jedhanii warri dubbatan jiru. Haala sana ija kootiin arguu dadhabuun garaa na nyaata. Egaa, waayee kana yoon kaasu, seenaa isinitti himuufii miti; kana isintu na caalaa arge, na caalaa beektus. Wantin kana kaaseef, eessarraa kaanee eessa akka jirru hubachuufi. Tokkummaa yeroo sanaa fi sana duras turetu; wareegama qabsaa’ota keenyaatu; dhiiga fi lafee ilmaan Oromootu injifannoolee gurguddoo nuuf argamsiisan. Seenaa saba Oromoo keessatti bara 1991 jijjiiramni hamma kana hin jedhamne argamuun tokkummaan qabsaa’ota keenyaa cimaa waan turee fi summiin gandummaa, naanummaa fi amantii dhaan walqoqqooduu kun, akka har’aa yeroo sana uummata keenya jidduutti waan hin faca’iniifi. Har’a mataa keenya ol qabannee waayee keenya dubbachuu bira dabarree; Afaan keenya bareedaa kanaan barreessuu danda’uun, injifannoolee tokkummaan qabsaa’ota Oromoo nuuf argamsiise sana keessaa isa tokko dha. Kaayyoo inni guddaan – bilisummaa Oromoo fi walabummaan Oromiyaa – galii hawwame otuu hin gahin turanillee, injifannooleen hanaga har’aatti argaman, akka alagaa fi diinni gadi xinneessanii dubbatanitti, kan akka laayyootti ilaalamanii miti. Kan caalu fi isa guddaa hawwinus argachuu kan dandeenyu, injifannoolee harka keenyatti galfanne kana tikfachaa qabsoo keenya yoo cimsinee dha. Qabsoon bilisummaa keenyaa dhaabbachuu baatus; tattaaffiin qabsaa’ota keenyaa otuu walirraa hin citin itti fufus; bara 1992 booda haalli mooraa keenyaa bifa biraa agarsiisaa akka dhufe waan nama mamsiisuu miti.
Bar-kurnee lamaan dabran kana keessatti waan nama gammachiisan caalaa waan nama gaddisiisantu mul’achaaturan; mul’achaas jiru. Bara 2000 yeroo jaarmayootni Oromoo walitti dhufanii tumsa “Tokkummaa Humnoota Bilisummaa Oromiyaa, Afaan Ingliziitiin ULFO (United Liberation Forces of Oromia) jedhamee beekamu, ijaaran sana gammachuu guddaan mooraa QBO keessatti mul’atee ture. Haa ta’u malee, gammachuun sun yeroo dheeraaf hin turre. Otuu abdii guddaan tumsa kanarraa eegamaa jiruu, bara 2001 fottoqinsi mooraa ABO keessatti uumame. Ergasii kaasee hanga har’aatti mooraan QBO yeroo dhaa yerootti laafaa akka dufe dhara ta’uu hin danda’u. Egaa, asirratti maaliif mooraan keenya laafe? Maaliif diinni fi alagaan nu keessa seenanii gara gara nu hiruu yaalu? Maaliif gantuu fi ayyaanlaallattuun heddoomaa dhufan? jennee of gaafachuun barbaachisaa dha. Mee waan tokkon jechuu barbaada, yoon akkana jedhu ammoo, tattaaffii qabsaa’otni keenya godhan dagachuu fi tuffachuuf otuu hin taane, dhugaa lafa jiru akka hubannuufi. Erga ABOn ijaarame, bar-kurnee afur gahuuf deemna. Waggoota afurtamman kana bakka lamatti baafnee yoo ilaallu, Inni tokko ijaarsa ABOtii kaasee hanga bara 1991 yoo ta’u; inni biraa bara 1991 kaasee hamma har’aatti kan jiru dha. Bu’aalee QBOn argamsiise yoo hubannu ammoo, qabsoo waggoota kudha-sagal (19) keessatti godhametu bu’aalee gurguddoo argamsiise. Bu’aalee bar-kurnee lamaan dabran kana keessatti argaman yoo xinxalle fi kan sana duraa wajjin walbira qabnee yoo ilaalle, maal akka ta’e hubachuun waan nama rakkisu natti hin fakkaatu. Kun maaliif ta’e? jennee of gaafachuu qabna. Deebiin gaafii kanaas ulfaataa miti. Ani gabaabumatti kanan jedhu, tokkummaan qabsaa’ota Oromoo laafuun ykn dhabamuun sababa isa guddaa dha.
Jaarmayoota heddoomsuu fi humna gara gara facaasuutu laaffina kana fide jechuu dha. Garaa garummaan ilaalchaa yeroo’uma fedhee ta’u adeemsa siyaasaa keessatti hin dhabamu. Haa ta’u malee, dhimma keenyarratti wanti irratti waliigaluu danda’an baa’yeetu jiru. Otuu garaagarummaa xixiqqoo isin jidduu jiraniif dursa kennuu dhiiftanii; waan waloo tokkorratti waliigaluu dandeessanii, mooraa QBO kana keessatti rakkooleen adda addaa heddoomaa hin dhufan turan. Yoon akkana jedhu ammoo komii otuu hin taane, haala har’a keessa jirrutu akkana nama jechisiisa. Yeroon ammaa garuu, yeroo taa’anii wal qeeqan ykn wal komatan; yeroo “…otuu akkas turee,…” jedhanii dubbatan otuu hin taane, yeroo haala keenya gamaaggamnee; rakkoolee dhalatan kana keessaa bahuuf, karaa kana keessaa nu baasu barbaadnu ta’uu qaba. Kan dabre hubannee; barumsas irraa argannee; kana booda maal godhuu qabna? jennee of gaafachuu qabna jechuu dha. Qabiyyee fi kaayyoon yookaanis dhaamsi xalayaa kiyyaas isuma kanatti xiyyeeffata. Har’a haalli mooraa keenya keessatti uumame yoomiyyuu caalaa baay’ee kan nama yaaddessu dha. QBOrratti keessa fi alaan irratti duulamaa jira. Diina waloo cimaa Wayyaanee kuffisuuf tumsi alaa barbaachisaa ta’uu danda’a jedhamaa turre. Haa ta’u malee, warri tumsaaf yaadaman har’a kunoo diina guddaa sana dhiisanii; dura nu kuffisuuf nurratti duulaa jiru. Bu’aalee hamma har’aatti QBOn nuuf argamsiise fi harka keenyatti galfanneeyyuu diiguu fi balleessuuf; uummatoota olla Oromiyaallee nurratti kakaasuuf; ciminaan irratti hojjechaa jiru. Duraanuu dhuguma tumsa Oromoo barbaadanii otuu hin taane, kaayyoon isaanii Oromoota meeshaa isaaniif ta’an ofitti qabanii; kan hafan walirratti duulchisuu fi mooraa keenya laaffisuuf ture.
Kaayyoon kun ammoo otuu hin dhokatin kunoo caalaatti ifa bahaa jira. Asirratti, waanuma adeemaa jiru akka hubannuuf malee, kaayyoon xalayaa kiyyaallee waan diinni fi alagaan nurratti dalagaa jiran himuuf miti. Kaayyoon xalayaa kanaa, akkamitti duula kana jalaa baanee; qabsoo keenya cimsinee; galii hawwamu ga’uu akka dandeenyu qabsaa’ota keenyaaf, addatti ammoo hogganoota QBOtiif dhaamsa dabarsuufi. Gara qabiyyee xalayichaatti deebi’uu dhaaf, yoo daftanii dhibdeelee ykn garaagarummaa isin jidduu jiraniif walumaan furmaata hin barbaadne, humni mooraa keenyaa gara gara faca’ee laafuu qofaa otuu hin taane, Oromummaa fi Oromiyaan gaaga’ama guddaa keessa akka jiran; diinni karaa lamaan nurratti duulaa akka jiru; egereen keenya gaafii guddaa keessa galuuf deemaa akka jiru akka hubattaniifi. Hammuma fedhe garaagarummaan ilaalchaa jiraatullee, warri kaayyoo tokko qaban; ilmaan haadha fi abbaa tokkoo; maaliif waliigaltee akka dhaban naaf galuu dide. Tokkoomanii jaarmayaa tokko keessatti walitti baquun yoo hin danda’amne, tumsa ofii ijaaranii kaayyoo yeroo, kaayyoo hatattamaa tokko lafa kaawwatanii; dura isa kanarratti waliigaltee uumuun ni danda’ama jedheen yaada. Yeroo tokkoon yoo hin danda’amne, sadarkaa sadarkaa dhaan hojjetanii; gara tokkoomuutti dhufuun ni danda’ama jedheen amana. Kun akka milkaawu garuu, wal kabajuun, wal mararfachuun, waliif na’uun, wal obsuun, waliin haasa’uun, waliin mari’achuun tarkaanfii duraa ta’uu qaba. Haalli yeroo ammaa mooraa QBO keessatti uumame kun, waa baay’ee akka hubannu nu taasisuu danda’a. Maaliif yoo jedhame, tokkoomuun hafee waliigaltee dhabuun keenya, diina fi alagaa dhaaf qaawwa uumee ykn karaa baasee; karaa kanaan nu keessa seenanii akka meeshaatti akka nutti fayyadaman waan ifa nuuf godheefi.
Maaliif yoo jedhame, tokkoomuun hafee waliigaltee dhabuun keenya, diina fi alagaa dhaaf qaawwa uumee ykn karaa baasee; karaa kanaan nu keessa seenanii akka meeshaatti akka nutti fayyadaman waan ifa nuuf godheefi. Haa ta’u malee, diina fi alagaatti quba qabuun har’a homaa nuuf hin fidu. Har’a keessa ofii hubachuutu barbaachisaa dha. Waliigaltee fi tokkummaa dhabuun, akkuma argaa turre fi jirru, gantummaa fi ayyaanlaallattummaan akka dhalatani fi babal’atan godha. Karaa biraatiin garuu, haalli amma uumame kun, yoomiyyuu caalaa diina fi fira QBO addaan baafnee akka hubannu nu taasisa. Kana beekuu fi sirriitti hubachuun ammoo, adeemsa keenya akka sirreessinu nu godha jechuu dha. Har’a biyya keessatti barattootni fi darggaggootni Oromoo diina hamma funyaaniitti hidhate kana otuu hin sodaatin; tokkummaa dhaan ka’anii falmii guddaa fi wareegama hamma kana hin jedhamne kaffalaa jiru. Falmii fi Fincilli Diddaa Gabrummaa (FDG) yookaanis Warraaqsi Uummataa (WU) kun sadarkaa guddaatti akka tarkaanfatu fi qabsoon bilisummaa keenyaa keessa fi alaan akka cimu, qabsaa’otni Oromoo hatattamaan, haal-duree tokko malee, tokkummaa keessan ijaartanii; dargaggoota keenyaaf (Qeerroo dhaaf) abdii ta’uu qabdu. Yoo tokkummaan keessan milkaawe fi humni abdachiisaan mooraa keenya keessatti uumame, hammuma fedhe humni diinaa fi alagaa cimus, qabsoon keenya galii hawwamu otuu hin gahin hin hafu. Kun shakkii ykn mamii takkalle hin qabu. Bilisummaa keenya argachuuf taankii fi xayyaara waraanaa qabaachuun dirqama miti. Yoo tokkummaan jiraate, karaaleen galii keenyatti nu geessuu danda’an baay’eetu jiru. Waaqayyo/Rabbi waliigaltee isiniif kennee; tokkummaan keessan akka milkaawu isin haa gargaaru. Injifannoon xumuraa kan uummata Oromoo akka ta’u shakkiin hin jiru. Galatoomaa! Abdii Boruu: aboruu@gmail.com
Ololli fi duulli itti heddoomus, qabsoon bilisummaa Oromoo galii hawwamu otuu hin gahin hin hafu Abdii Boruutiin Mee ofis walis haa gaafannu: Qabsoo bilisummaa saba bal’aa dhiisii, waanuma fedhee yoo ta’e, wanti gaariin hawwamu tokko haa xinnaatus haa baay’atus wareegama malee argamaa? Asirratti wareegama yoon jedhu, kun wareegama yeroo, wareegama qabeenyaa fi kana birallee dabree wareegama lubbuus ta’uu danda’a. Waan barbaadan tokko argachuuf ammoo, obsa qabaachuunis baay’ee murteessaa dha. Obsa dhabuun murannoo fi kutannoo nama dhabsiisa; hamilee namaallee hir’isuu danda’a. Qabsoo bilisummaa Oromoo (QBO) yoo ilaalle, erga biyyi Oromoo Minilikiin weeraramee, uummatni keenya gabrummaa jalatti kufee, kunoo waggoota dhibba tokkoo fi soddoma (130) lakkaawuuf deemna. QBOnis uumurii’uma kana qaba jechuun ni danda’ama. Maaliif yoo jedhame, uummatni bilisummaa fi biyya ofii dhabe, waan humnaan irraa fudhatame sana deebisee argachuuf, gaafuma sanaa kaasee qabsoo eegala jechuu dha. Qabsoo baroota dheeraa fudhate kana keessatti, wareegamni qabeenyaa hafee, lubbuun ilmaan Oromoo meeqatu galaafatame? Meeqatu ajjeefamee karaarratti gatame? Meeqatu bakka buuteen isaanii wallaalame? Meeqatu mana hidhaa keessatti dararamaa jiru? Meeqatu qayee isaaniirraa buqqa’anii, jireenya namaa gadii jiraatu? Meeqatu beela fi gadadoo keessatti kufan? … Gaafiilee dhuma hin qabne!! Qabsoon bar-dhibbee tokkoo ol fudhate kun, lakkii nutti dheeratee; galii isaa gahuu dadhabee jedhee uummatni Oromoo of ifatee; obsa dhabee; qabsoo dhaabee jiraa? Deebiin gaafii kanaa firas ta’ee diina QBOtiif ifa dha. Fudhachuu ykn fudhachuu baachuun yookaanis ammoo amanuu ykn amanuu baachuun waan biraa ti.
Dhugaan lafa kanarra jiru garuu, qabsoon kun cimaa deeme malee, hin dhaabbanne, hamma galii isaa gahutti dhaabbachuus hin danda’u. Egaa, mee ammas of haa gaafannu: Qabsoon bar-dhibbee tokko caalaa adeemaa jiru fi bu’aa bayii meeqa keessa dabree sadarkaa kanarra gahe kun, otuu obsa nama hin dhoowwin (dhoorkin), qabsoon Adda Bilisummaa Oromootiin gaggeeffamaa waggoota afurtama (40) lakkoofsise kun yeroo dheeraa fudhate jedhamee maaliif nama dinqa? Maaliif obsa nama dhabsiisa? Alagaa wajjin hojjetaniif qabsoon kun gabaabbatinaa laata? Warri gabrummaa keessa nama tursiisuu barbaadan akkamitti qabsoo kana gabaabsanii galii barbaadamutti nama geessuu danda’u? Uummatni yookaanis jaarmayaan ABO caalaa baroota dheeraa qabsaa’ee bilisummaa ykn/fi walabummaa argate addunyaa kanarra hin jiruu? Warri beekaniis ta’ee otuu hin beekin ykn hin hubatin olola akkanaa oofan kun, ABO maqaa xureessuuf, dadhabsiisuu fi yoo danda’ame dhabamsiisuuf; hamilee uummata Oromoo cabsuuf carraaqu malee, kan isaan jedhan kun amansiisaa ta’eetii miti. Warri akka namtokkoottis ta’ee akka gareetti kaayyoo QBO gananii; diina fi alagaatti makaman, fedhii mataa isaanii guuttachuuf yookaanis kaayyoo biraa qabaatanii isa kana galiin gahuuf yoo ta’e malee, dhuguma waggootiin afurtamman dabran kun isaan ifachiiseeti jedhee hin yaadu. Dhugaa dha, wanti dhara hin taane, ABOn akka jaarmayaatti dadhabbii qaba. Kana biratti ammoo, qabsoo keenya diinni keessa fi alaan itti heddoomaa jira. Humnootni bilisummaa gara gara faca’anii jiru; tokkummaan qabsaa’otaa keenyaa laafaa dha. Tokkummaan qabsaa’otaa, kan hundaa hammatus akka hawwamutti milkaawuu hin dandeenye. Diinni ammoo karaa lamaan nurratti duulaa jira.
Inni tokko kan amma nu nyaachaa jiru, Wayyaanee yoo ta’u; kan biraa ammoo, warra nu nyaachuuf, nu balleessuuf qophaawaa kan jiranii dha. Haala akkanaa kanatu obsa nam dhoowwee; gantummaa fi ayyaanlaallattummaan akka heddooman taasisa malee dheerina qabsoo tii miti. Obsa fi hamilee dhabuunis yookaanis ammoo ofitti amanuu dadhabuunis akka kaayyoo ofiirraa dheessan nama taasisa. Akka alagaatti harka kennatan nama godha jechuu dha. Kun ilaalcha fi dadhabbii mataa ofiiti malee, ABOn waggoota afurtama (40) keessatti kaayyoo isaa galiin gahuu hin dandeenye jechuun waan fudhatama hin qabnee dha. Oromiyaa walaba taatu arguun abjuu dha; waan hin milkoofne dha; waayeen kun du’ee jira jedhanii olola oofuun hamilee uummata keenyaa cabsuuf otuu hin taane, fudhatanis fudhachuu baatanis hangam hamileen isaanii akka cabe agarsiisa. Haa ta’u malee, waayee kana akka laayyootitti ilaaluun gaarii hin ta’u. Abjuu uummatni keenya walabummaa Oromiyaatiif qaban balleessuu baatanillee, warri olola akkanaa oofan kun yeroo gabaabaas ta’u qabsoo kanatti gufuu ta’uu fi gaaga’ama fiduun isaan hin oolu. Amannus amanuu baatnus, waayeen walabummaa Oromiyaa yoo ka’u, diinni keenya lamaanuu, kan har’a diina walitti ta’an (kan nu nyaachaa jiru fi beelayee nu nyaachuuf hamuummachaa jiru) dhimma kanarratti fedhiin isaanii tokkuma. Lamaanuu kaayyoon isaaniis walfakkaataa dha. Kunis ABOs ta’ee jaarmayoota Oromoo kan walabummaa Oromiyaatiif qabsaa’an hundaa dhabamsiisuu dha. Kanaaf, karaa lamaan QBO irratti duulamaa jira. Duula kanaaf meeshaa guddaan ammoo, warra kaayyoo gananii, mooraa diinaa fi alagaatti makamanii dha. Hanga galtuu, gantuu fi ayyaanlaallattuun jirtutti qabsoo kana keessatti gufuun hin dhabamu. Kaayyoon dhugaarratti hundaa’e garuu galii hawwamu gahuun isaa waan hafuu miti.
Kun garuu obsa fi wareegama guddaa barbaada. Egaa, akka haala yeroo ammaarraa hubatamuu danda’utti, adeemsi siyaasaa ifa ta’ee karaa lamaan waan deemu fakkaata. Inni tokko, Itoophiyaa diimookraatessuu yoo ta’u; kan biraa Oromiyaa walab taatu ijaaruu dha. Yeroo wanti hunduu ifa ta’e kanatti ammoo kaayyoo fi ejjannoo ofii qulqulleessuun murteessaa dha. Yoo kun hin taane garuu ammas ayyaanlaallattummaa fi gantummaa biraatiif carraa akka uumu waan nama mamsiisuu miti. Waayeen kun sirriitti hubatamuu qaba. Kan dabrerraa barachuun yoomiyyuu caalaa amma ta’uu qaba. Yoo qabeenya, humna, beekumsa fi dandeettii ofiitti amanan, waan barbaadan tokko wanti hin arganneef sababni hin jiru. Kaayyoon ilmaan Oromoo wareegamniifis galii isaa gahuun hin oolu. Akka galiin hawwamu kun milkaawu, maaltu godhamuu qaba? ykn Maal godhuu qabna? jedhanii of gaafachuun barbaachisaa dha. Wanti hubatamuu qabu, har’a qabsoo keenya keessa fi alaan diinni itti heddoomuu qofaan nutti mul’achuu hin qabu. Laafina jaarmayoota keenyaas dursinee ilaaluu hin qabnu. Haalli keessa jirru baay’ee ulfaataa fi walxaxaa ta’ullee, humna fi dandeettii keenya akka laayyootti ilaaluun sirrii miti. Humna fi dandeettii gahaa qabna. Kan barbaadamu garuu waan qabnu hundaa qindeessinee, tooftaa fi tarsiismoo haaraa dhaan qabsoo kanarra oolchuu danda’uu dha. Tokkummaan qabsaa’ota fi jaarmayoota keenyaa akka hawwametti otuu hin milkaawin turullee, hanga kun uummutti, Oromoon hunduu akka namtokkoottis s ta’ee akka hawaasaatti, bakkee jiranitti qabsaa’aa ta’uu qabu. Karaa danda’amu fi waan danda’amu godhuu dhaan qooda ofii gumaachuu qabu jechuu dha. Olola diinaa fi jalakaattuu isaanii ofirraa ittisuu danda’uunuu gahee tokko taphachuu dha.
Olola diinaa fi jalakaattuu isaanii ofirraa ittisuu danda’uunuu gahee tokko taphachuu dha. Tokkummaan dhugaa, kan kaayyoo tokkorratti hundeeffamu, akka ijaaramu hawaasonni Oromoo jaarmayoota keenyarratti dhiibbaa godhuu qabu. Yoo akkanatti tattaaffiin hin godhamne, gara gara qoqqoodamuu fi diinaaf saaxilamuun waan nama shakkisiisuu miti. Haa xinnaatu, haa baay’atu; haa dhiphatu haa bal’atu, qabsoon bilisummaa Oromiyaa keessatti akka ibiddaa qabsiisamee boba’aa jiru kun diina keenya gubee akka balleessu, dargaggoota fi uummata keenya jajjabeessuu fi karaa danda’amu hundaan isaan bira dhaabbachuun dirqama Oromummaa ti. Duulli nurratti godhamaa jirus Oromummaarratti waan ta’eef, Oromummaa guddisuu fi cimsuu dhaan duula kana ofirraa ittisuu qabna. Dhumarratti, gaafii tokko dhiyeessuu dhaan barruu kiyya xumura. Hubadhaa Oromoo! Uummatni keenya yoomiyyuu caalaa biyya abbaa isaa keessatti hidhamaa, dararamaa, ajjeesamaa, biyya abbaa isaarraa akka baqatu taasisamaa jira. Oromiyaan cicciramtee gurguramaa jirti. Biyya boru ijaarrachuuf hawwinu dhabuuf deemna. Uummatni keenya, kan biyyarraa baqatanii biyyoota biroo keessa jiranillee, du’aa ol fi jireenyaa gadi keessa jiru. Kuun ammoo qabamanii biyyatti deebi’uuf deemu. Hireen isaanii maal akka ta’u hin beekamu. Karaa biraatiin ammoo, jiruu maatii kiyyaan fooyyessa jedhanii biyya Arabaa deemanii akka saree karaarrtti dhaanamanii; boodarra lubbuu isaanii kan dhaban, lammiileen Oromoo kan akka Alam Dachaasaa meeqatu jiru?… Kuni hunduu mallattoo gabrummaa ti. Egaa Oromoo: “Kana caalaa maal taana?” Furmaatni isaa hoo maali? Deebii gaafii kanaa isiniifan dhiisa. Ani ammaaf kanan jedhu, akkuma weellisaan keenya Artist Hirphaan jedhe, “Ka’i lammii Oromoo…” Galatoomaa! Abdii Boruu: aboruu@gmail.com
Of jajjuu manni karaa irra: Deebii barruu mata-duree “muka Jallaa Diriirsuun osoo qacalee ti” jedhu jalatti obboo Jawaar S. Mohammed Barreesseef Mata duree “Jallaa Mukaa Diriirsuun Osoo Qacalee ti” jedhu jalatti barruu obboo Jawaar barreesse dubbisee jira. Obboo Jawaar fakkeessuu yaalus, barruun isaa waca ykn iyya malee waan firii qabu keessaa arguun hin danda’amu. Yakki obboo Jawaar ODF irratti dhiheessu kun dhugumaan duwwaa akka tahe tolchine hubachuuf qabxiilee inni tuttuqe irra deebinee haa ilaalluu. Gaaffii ummata Oromoos sharafuun hin mul’atu. Labsa kana keessa xinnoo gadi buunee yoo ilaalle, akkana We remain convinced that the struggle for self-determination by the Oromo and other oppressed nations is still legitimate due to the persisting imperial character of the Ethiopian state, which has been stubbornly lingering even after the exercise of political power has passed from one ruling elite to the other” jedha. Kun kan agarsiisa utubaan ODF gaaffii abbaa biyyummaa fi sabummaa ummatni Oromoo jaarraa oliif gaafataa fi falmaa tureef tahuu tolchee ibsa. Yaada kana daran hubachuuf, “This measure does not imply the repudiation of the struggle waged to date by the Oromo Liberation Front (OLF) but rather to build on its achievements and to open a bold new forward looking chapter” . ODF dhibdee ummata Oromoo fi saboota biyyaattii keessa jiran hundi mudataniif furmaata ummataa hundaa waliin argamsiisuuf bifa haarayaan qabsoo Oromoo karoorsuun ejjannaa kaleessa ture, keessaattuu akeeka ABO fi qabsoo ilmaan Oromoo ABO jala hiriiruun godhaa turanKkan daran gadi jabeessu malee kan gonkumaa kan haaluu miti. Kanaaf gaaffii Oromoo gara gaaffii ambummaatti jijjiiruun jedhamu afanfaajjii uumuu fi jaalala rakasha gola Oromoo waca qofaan qabsoo gaggeessuu barbaadu irraa argachuuf kan godhame fakkaata. 2. Yakki lammataa, “Oromoo gurmuu akka sabaatti of dandahe irra gara murna afaaniitti gadi cabsuu” jedha.
itti dabaluunis, warri Oromoo cunqurse saba Amaaraa ykn Tigree jechuu dhiisanii warra afaan akkanaa dubbatu jechuun gaaffi keenya gara gaaffii afaaniitti gadi cabse jedha obboo Jawaar. Garuu obboo Jawaar hanga ammaatti sabaa fi afaan cunqursaaf adda keename akka hin jirree hubachuu dadhabuu isaa ti. Ummata tokko akka nama cunqursuu qofaaf dhalateetti lafa kaayuun, cunqurfamuu qofaan kan dhalate waan jiru fakkeessi ti. Akka natti fakkaatutti obboo Jawaar filannoo jechootaa kan labsa ODF fi jechoota obboo Leencoo Lataa itti dhimma bahan hubachuu dhabuu ykn ammoo amala waa balaaleffachuu aadaa godhatuu irraa madde jedhee amana. Jecha warra afaan Amaaraa fi Tigree dubbatu jedhutti gargaaramuun ummata biyyattii guutuu, Oromo illee dabalate akkamitti sabummaa irraa mulqee murna ykn “warra afaan” akkasii dubbbatutti akka gadi buusu kan beekuu danda’u obboo Jawaar qofa. Yakkoota amala kijibaa fi waan hin jirre hafarsuu irraa maddan kana qofaa miti. Qabxiilee lameen kana malees obboo Jawaar yakkoota hedduu dhiheessan. Egaa gaaffiin jiru, ololli dharaa fi afanfaajjii akkanaa hafarsuuf maaltu obboo Jawaar kakaase kan jedhu taha. Akka natti fakkaatutti hunda fakkaachuu fi anaatu beekaan tun of jaalatiinsa daangaa hin qabnee fi tarii fuula dura bolola biyya keenya keessatti nama beekkamaa tahee as bahuuf qabu irraa madda. Waggoota shanan dabran keessa obboo Jawaar Toophiyaa balaaleffatu, deebi’ee faarsoo qaamota Oromoo fi namoota Oromoo keessatti mumul’atan dura dhaabbatu agarree jirra. Guy,yaa sagaleen cinaa isaa jiru itti hasaasu warra kaayyuu ganamaa leellsu tahee as bahuu fi guyyaa itti aanu ammoo rakkoon Oromoo karaa federaalummaatiin akka dhumatu ummatootni impaayeroo Toophiyaa keessa jiran hunda akka obbolleeyyanitti harka walqabatanii qabsaawan waamicha dabarsuun isa dhibee hin beeku.
Guy,yaa sagaleen cinaa isaa jiru itti hasaasu warra kaayyuu ganamaa leellsu tahee as bahuu fi guyyaa itti aanu ammoo rakkoon Oromoo karaa federaalummaatiin akka dhumatu ummatootni impaayeroo Toophiyaa keessa jiran hunda akka obbolleeyyanitti harka walqabatanii qabsaawan waamicha dabarsuun isa dhibee hin beeku. Akkuma guyyaa barbaade, mirga ummata Oromoo boortaan malee hin dhufu jedhu, galgaluma sana ammoo akkamitti qawwee hiikkannee karaa “nonviolent Struggle” akkamitti ummatoota Toophiyaa waliin qabsaawuu akka qabnuu kitaaba nuuf hiikee nu barsiisuuf rakkoo hin qabu. Tarii ammoo jeequmsa mataa dhugaa hin jirre nama jalaqabu tahuu mala, ykn ammoo akkuma ummatni naannoo an itti dhaladhee mammaakutti “nama of jajju/of dhaadhu manni karaa irra” jedhan ebalu jedhamuuf waan hundatti bu’a taha. Kan nama raaju garuu, namni hubataan akka obboo Jawaar osoo dhugaa irratti hin hundoofne yaada namaa busheessuu fi dhaloota isa duraa yakkuu qofaan beekkamuu fi ummata biratti kabajaa argatuun akka hin danda’amne wallaaluu isaa ti.
Biyya Ethiopia Qulqullinni Daandii Dhibuu Irraan Balaan Konkolaataa Ummata Gaaga’aa Jira Gabaasa Oduu Gaddaa: Godina Jimaatti Ebla 10/2013 Balaan Konkolaataa qaqqabee irraa kan ka’ee namoonnii hedduun lubbuun wareegaman. Konkolaataan ‘Salam Bus” Jedhamuu Magaalaa Jimmaa irraa gara Finfinneetti namoota 60 fee’ee utuu adeemuu godina Jimmaa aanaa Sokorruu keessaatti garagalee lubbuun namotaa 45 batalummatti galafataman,namoonnii 10 akka malee madaa’uun du’aaf jereenyaa gidduutti argamu. Balaa koonkolaataa kanaan namoonnii lubbuun galafataman irraa Caalaan Ilmaan Oromoo yoo ta’uu beektotaa fi Dokteroonnii akka Dokteer Warquu Mooraa yuunivarsiitii Jimmaa Mooraa Qonnaa Keessaatti Dokteraa Veternary hayyuu cimaa kan ta’anii fi Sabboonaa Oromoo dargaggoo Tarraafaa Matakkaa dabalatee ilmaan Oromoo sabaabaa jiruu fi Jireenyaaf oliif gadii deemaan ta’uun hubatame jira, akkasumaas Baratootni Yuunivarsiitii Jimmaa bara kanaa ebbiifamaanii fi hojii research garaagaraa hojjeechuuf deemaan kannee keessaatti argamaan balaa kanaan du’uu Gaddaa Guddaa Nutii dhagaa’ame ibsina, sabboonaa Dargaggoo Oromoo Tarrafaa Matakkaa Godina Lixaa Shawaa Magaalaa Amboo Ganda 06 keessaatti dhalatee Barumsaa sadarkaa 1ffaa Mana barumsaa Carii sadarkaa tokkoffaatti baratee sadarkaa 2ffaa mana barumsaa Amboo sadarkaa 2ffaatti baratee, sanaa boodaa pooliisii ta’uun humna poolisii federaalaa keessaa hojjeechaa kan turee fi achii keessaatt illee sabaabaa Oromummaa isaattiin yeroo yerootti angawootaa wayyaaneetiin qoratamaa kan ture, fi ammas achumaa keessaa humnotaa Poolissii Feederaalaa Magaalaa Jimmaa keessaa qubsiifamanii jiran keessaa hojjeechaa utuu jiruu dhimmaa hojiif utuu konkolaataa kanaan garaa Finfinnee Deemaa jiruu balaa qaqqabe kanaan Umrii isaa wagga 27tti Lubbuun isaa darbuu gaddaa guddaa nutti dhaga’ame ibsina.
Dargaggoo Tarraafaa Matakkaa Sabboonuummaa fi Oromummaa isaaf umrii mana barumsaa Carii sadarkaa 1ffaa irraa egalee gumachaa qabsoon nama irraa barbadduu dargaggotaa Oromoo waliin qooda fudhachuun beekama, yeroo ammaa kanaattiis harka Lafa jalaan Sochii Qeerroo Dargaggootaa Oromoo keessaattii ijaaramuun dirqamaa Oromummaa isaa bahachaa utuu jiruu balaa akka tasaa mudatee kanaan wareegamuu isaa fi Ilmaan Oromoo utuu karaa deemaanii balaa tasaa maatii isaanii irraa gargar isaan baasee kanatti Hoggaansii Qeerroo Godinaa Jimmaa fi Iluu Abbaa Booraa Gaddaa Guddaa nutti dhaga’amee ibsanna, Maatii sabboonaa Oromoo Tarraaffaa Matakkaa fi Firootaan isaa akkasumaas Maatii fi Firoottaan Ilmaan Oromoo jiruuf jireenyaaf jedhanii utuu deemaa jiraanii balaa kanaan gaga’amaniif waqayyoo jajjabinaa haa kennuu jechuun gaddaa nutti dhaga’ame ibsina. Biyyaa ammaa Ethiopia jedhamtuu fi Keessaattuu Oromiyaa keessaa daandiin konkolaataa sirriin hojjetamuu dhabuun Lubbuu lammiilee balaa kana fakkaatuuf saaxilaa jira. Mootummaan Abbaa Irree Wayyaanee kan maqaaf biyyaa bulchaa jirraa jedhuu maqaan daandii konkolaataattiin deeggarsaa biyyootaa Duuromaan kanneen akka China, Jaabbaan, Xaaliyanii, Amerikaa fi Biyyootaa dhiyaa irraa deeggarsii maqaa daandii konkolaataatiif kadhatamuu qarshii Biiliyoonaa hedduuttii tilmaamaama, Deeggarsaa kadhaa fi liiqiin biyyoota duuromaan kana irraa dhufuun mootummaan wayyaanee dantaa dhuunfaa isaaf olchuun Uummaannii biyyaattii mana ba’aanii deebii’anii galuu dadhabuun kunoo hedduun daandii irraatti wareegamanii hafaa jiru, Egaa Wayyaanee deegarsaa maqaa dandii konkolaataa, Bishaan Dhugaatii fi Fayyaa jechuun argachaa jiruu, gara qabeenyaa Dhuunfaa isaaniitti naanneeffaachuun duuromaa jiru.
Mootummaan Abbaa Irree Wayyaanee kan maqaaf biyyaa bulchaa jirraa jedhuu maqaan daandii konkolaataattiin deeggarsaa biyyootaa Duuromaan kanneen akka China, Jaabbaan, Xaaliyanii, Amerikaa fi Biyyootaa dhiyaa irraa deeggarsii maqaa daandii konkolaataatiif kadhatamuu qarshii Biiliyoonaa hedduuttii tilmaamaama, Deeggarsaa kadhaa fi liiqiin biyyoota duuromaan kana irraa dhufuun mootummaan wayyaanee dantaa dhuunfaa isaaf olchuun Uummaannii biyyaattii mana ba’aanii deebii’anii galuu dadhabuun kunoo hedduun daandii irraatti wareegamanii hafaa jiru, Egaa Wayyaanee deegarsaa maqaa dandii konkolaataa, Bishaan Dhugaatii fi Fayyaa jechuun argachaa jiruu, gara qabeenyaa Dhuunfaa isaaniitti naanneeffaachuun duuromaa jiru. Kutaalee biyyaattii keessaa yeroo ammaa kanaa rakkoo dandii konkolaataa, bishaan dhugaatii qulqulluu dhabuu fi buufataa fayyaa kanneen qorichii fi ogeessii sirriin keessaa jiruu dhabuun kan midhamaa jiruu Oromiyaa Fi Ummataa Oromoo ta’uu dhugaan jiruu fi ta’iiwwaan qabatamaan mul’achaa jiran ragaadha, Liqii biyyotaa Duuromaan irraa maqaa dandii konkolaataa, bishaan fi fayyatiin liqeeffaatamee 80% deebistee kan kanfaltuu garuu Oromiyaa ta’uun beekamaadha. Nuti Qeerroon Dargaggoonnii Oromoo Ummatni keenyaa karaa dinagdee, karaa jireenyaa jireenyaa hawwaasummaa,karaa misoomaa, qabinsaa mirgaa dhala namaa , siyaasaa fi Bulchiinsaa sirna Dimookiraasii dhugaa dhabuun miidhamaa guddaa keessaa waan jiruuf qabsoo FDG egallee jabaannee itti fufuun haawwaasaa keenyaa rakkoo kana keessaa baasuuf kutannoon ni hojjennaa, Ummaannii keenyaas rakkoo Ulfaataa kanaa keessaa ba’uuf akka tokkummaan nu cina dhaabbatuu ni gafannaa jechuun dhaamsaa keenyaa dabarsina
Liinkii armaan gadii irraa caqasaa.
Qabsoon Bilisummaa Sabaa fi Taphni Siyaasaa Walii Gargari Oromoon Afaan qawweetiin cabee bittaa alagaa (gabrummaa) jalatti buluu erga mudatee Jaarraa tokkoo fi walakkaa tahuufi. Yeroo sanaa kaasee bilisummaa akka Sabaatti sarbame deebisee gonfachuudhaaf bifa gara garaatiin qabsoo addaan hin citin gaggeessaa ture. Qabsoo kana keessaa kan dhalate ABOn qabsoo bilisummaa ummatichaa bifa jaarmayaatiin qindeessee bifa gaaffiin ummatichaa deebisaa sirrii fi guutuu itti argatuun gaggeessee galmaan gahuuf gaafatama seenaa ofitti fudhatee erga socho’uu jalqabee kunoo ganna 40 (Marsaa Gadaa 1) guute. Dhimmi QBO kun ijoo/wiirtuun isaa dhimma itti fufiinsa Jireenya Sabummaa Oromootti iggitii gochuu ti. Kana dhugoomsuun kan danda’amu sirna bittaa alagaa (Kolonii) hundeedhaan buqqisuu/dhabamsiisuu qofaani. Iggitiin jireenya sabummaa ummata gabroomee fi kan sirna bittaa alagaa (kolonii) inni tokko isa kaan guutummaatti dhabamsiisuu qofaan mirkanaawa. Kuni dhugaa seenaa ti. ABOn hubannootaa fi ejjennoo dhugaa seenaa tahe kana irratti bu’uureffame. Wal diddaan (mormiin) Saba Oromoo fi gabroomfattoota (bulchitoota Impaayera Itoophiyaa) gidduu jiru kan walitti araarsuun hin danda’amne (Mormii Innikkaa) ti. Aangawootni gurguddoon TPLF kanneen akka Siyyee Abrahaafaa mootummaa Mallas Zeenaawwii fonqolchuuf osoo yaalanii qabamanii waggoota muraasa hidhamanii gadi lakkifaman. Leellistootni sirna Impaayerummaa gareen Nafxanyootaa maqaa Qinijjit jedhamuun of ijaaranii mootummaa Wayyaanee harkaa fudhachuuf sadarkaa sodaachisu irra waan gahaniif akkasuma hidhamanii yeroo gabaabduu booda gadi lakkifaman. Gama kaaniin ammoo sab-boontonni ilmaan Oromoo hedduun miseensummaa fi deggertummaa ABO qofatti shakkamuudhaan adabni kanaa olii hedduun (ajjeechaa lubbuu dabalatee) irratti raaw’atamaa jira.
Baroota Wayyaaneen Aangoo irra turte kana guutuu (gara waggoota 22) namootni miseensummaan ABO fi Oromummaan yakka itti tahee hidhaa keessa jiran jiru. Waaqni hin baasiniif, QBO isaan hankaaksuuf jira malee, yoo umriin bittaa Wayyaanee waggaa 27 fi sanaa ol jiraate Goototni Oromoo kunniin record Nelson Mandela kan jireenya mana hidhaa umrii dheeraa cabsuuf akka deeman beekamaa dha. Mallas Zeenaawwii osoo hin du’in maal jedhe? “Miseensa ABO tahuun qofti (osoo sababumti biraa tokko iyyuu itti hin dabalamin) matuma isaatti yakka!” Maal jechuu dha kun? Dhaabotni siyaasaa kan mormitoota sirna Wayyaanee tahanii turanii fi jiran hedduu dha. Isaan hunda keessaa ABO addatti baasee jecha ulfaataa kana dubbachuun Mallas Zeenaawwii maal irraa madde? Isa amma ija keenya duratti tahaa jiru kan dhalootni Oromoo har’a jiru argaa jiru maqaa dhoofne malee hundeeffamuu Impaayeraa irraa kaasee hammeenyaa fi shirri Oromummaa fi QBO dhabamsiisuuf raaw’atamaa ture himamee hin dhumu. Qabsoo Aangoo (Tapha Siyaasaa) humnoota sirna Impaayeraa gidduutti godhamuu fi qabsoo haqaa kan Bilisummaa Sabaa/Sabootaa mirkaneessuuf gaggeeffamu gidduu garaa garummaa bu’uuraa fi gurguddaa akkanaa hedduutu jira. Galata ABO fi Wareegamtoota QBO, yeroo ammaa Oromoon dhugaa kana (waa’ee eenyummaa ofii, waa’ee eenyummaa diinota isaa fi sadarkaa diinummaa kanaa) tolchee hubatee jira. ABOn salphaadhumatti “Dhaaba Siyaasaa tokko” jedhanii kan ibsan osoo hin taane Ummata Oromoo biratti hiikaa sana irra hedduu bal’aa fi gadi fagoo kan horateefis kanaafi. Hayyoota sab-boontota qabnu keessaa tokko (Prof. Mohammad Hasan) waa’ee kanaa hima gabaabaadhaan ibsuuf “For the Oromo the OLF is much more than an organization. It is an idea that has captured the imagination, the heart, the soul and the spirit of the Oromo.” jedhan gaaffii fi deebii dhihoo kana godhameef tokko keessatti.
It is an idea that has captured the imagination, the heart, the soul and the spirit of the Oromo.” jedhan gaaffii fi deebii dhihoo kana godhameef tokko keessatti. Kuni dhugaa firaa fi diinnis haaluu hin dandeenyee dha. Dhugaan kun ammoo hariiroo/hidhata seenaa akkaan cimaa fi gadi fagoo tahe kan ABO, QBO, Oromoo, Oromummaa fi Oromiyaa gidduu jiru irraa kan madde malee waan akkuma salphaatti ykn. tapha siyaasaa bakkayyuutti aadeffatameen argame miti. Gaaffiin Oromoo inni bu’uuraa fi galiin isaa jalqabaa bilisummaa Jaarraa tokkoo fi walakkaa dura irraa kaasee akka Sabaatti sarbame deebisee gonfachuudhaan Jireenya Sabummaa ofiitti iggitii gochuu dha. Sanatti dabalee: Oromoon eenyu akka turee fi har’as eenyu akka tahe, irreen sabummaa isaa hangam jabaa akka tahee fi yoo hiixates eessa eessa akka dhaqqabu, qe’ee isaa (Oromiyaa) irratti, naannawa isaa (Gaanfa Africa) irratti, dabreetis, sadarkaa Africa fi guutuu Addunyaa irratti hangam qooda murteessaa qabaachuu akka danda’u tolchee hubata. Yoom, maal akka gochuu qabus sirriitti beeka. Waa’en kanaa sirna-dhabloota, gantoota, bololtoota Aangoo fi ayyaan-laallattootaan itti hin himamu. Kanneen dhugaa kana hin hubannee fi hubachuus hin barbaadne akka jiran beekamaa dha. Isaan akkasii Umnmata keenya dogoggorsuu fi afanfaajjessanii xiyyeeffannoo (focus) qabsaawotaa fi hojii qabsoo jeequu fi gara dabarsuuf yeroo tattaafatan harka marannee teenyee ilaaluu hin dandeenyu. “Gatii dhiigaa fi lubbuu wareegamtoota QBOtiin qumaara siyaasaa taphachuu hin kajeelinaa, Qabsoon Bilisummaa Sabaa fi Taphni Siyaasaa Walii Gargar waan tahaniif.” jedhamuunii qaba. Waan QBOf tolaa haa jajjabeessinu ! Waan QBOf hin tolle haa morminu !
Sabaa himaa Al-arabiyyaa irraa
Abbaa Caalaa Obboleessa Leencoo Lataa fii nama dura macaafa qulqulluu (baaybala) Afaan amaarsaa irra gara Afaan oromoti deebise…guutuu GDK
Korri Gamtaa kan Shanee ABO kan bara baraa kan bu’aa ummata Oromoof buusee hin beeyne Kutaalee ABO Godiina Awurooppaa Milikiin Xumurame jedhu Kora Waxabajjii 28-29 kan miseensa fi ummata irraatti argamudha haala qabsoo bilisummaa Oromoo, haala siyaasaa adduunyaa, xinxala baalaa kan latan Miseensa Shanee Gumii fi I/G Jaarmiyaa fi Siyaasaa ABO J/ Abba Caalaa Lataa, MSG Dr. Dagafa Abdissa, akkasumas miseensoota gumii sabaa ABO biyyaa Awurooppaa jiratn qooda irraa fhudhatan yoo ta’u koraa haalii qabsoon bilisummaa Oromoon gaggeefammu irraatti gilalame fi miseensooni dhaaba gaaffii fi yaada furmata irraatti latan ture.akkasumas ummani Oromoo nannoo Oslo jiratn haala qabsoo Oromoo ABOn hoogannamu irraa jiru, dhimma araaraa dhaabota bilisummaa fi walabummaa Oromiyaa gaggeessan giddutti demma jiru irraatti gaaffii fi deebii baalaan latame yoo ta’u sagantaa bashannaann aadaa Oromoo kan sirbitoonii beekamoon irraa qooda fudhatan nagaa fi milkiin xumurame jira.
Duulli Sabboontota Oromoorratti godhamu, QBO dhaabuu hin danda’u Abdii Boruutiin Erga TV Aljaziraa irratti Sabboontota Oromoo sadi (Dr. Fidoo Eebbaa, Obboo Jawaar Mohaammad fi Obboo Mohaammad Adamoo) waliin waayee saba Oromoorratti mariin godhame fi keessumayuu Sabboonaan Oromoo Obboo Jawaar Mohaammad gaafii isaaf dhiyaatef “Ani dura Oromoo dha…” jedhee deebii kenne booda, Habashootni gamaa gamanaa wacaa akka jiran hubatamaa jira. Habashootni, dhimma kanarratti maaliif akkanatti maraatanii, hucuu gatuuf akkana ta’u? Jawaar ilma Oromoo akka ta’e duraan otuu hin beekin hafaniitii moo maaliif akkanatti dubbataatu isaan aarse?Sabboontotni Oromoo, nuti dura Oromoo dha akka jedhan har’a itti mul’atee? Moo dhimmi Oromoo yeroo duraatiif sabaa-himaa Addunyaarratti dubbatamuu isaatu garaa isaanii gubee; isa kanaan aaruudhaan Sabboonaa keenya kanarratti abaarsa fi olola akka rooban isaan taasise laata?Sana booda hoo Sabboonaa keenya Dargaggoo Abdii Fiixee akka reeban kan isaan taasise maali? Asirratti gaafiilee baay’eetu ka’uu danda’u. Haa ta’u malee, dhimma kana karaa adda addaatiin ilaaluudhaan, akka yaada kiyyaatitti sababoota adda addaa tilmaamuun yaala. Akka natti fakkaatutti, Jawaar ani dura Itoophiyaawii dha jechuu dhiisee ani dura Oromoo dha jechuu isaa akka yakkaatti kan fudhataniif sababootni adda addaa jiraachuu danda’anillee, ololli Habashootaa kun kaayyoo gurguddoo afur qaba jedheen yaada. Tokkoffaa, sochii musiliimota Itoophiyaa kana keessatti, Obboo Jawaar xiinxala bal’aa godhuu birallee dabree akka hogganaa tokkotti ilaalamaa waan jiruuf; jaalala fi kabajas argachaa waan dhufeef, inni kunoo dhiphina qaba; kaayyoo saba tokkootiif (Oromootiif) qofaa dhaabbata; musiliimota Itoophiyaatiif dubbachuu hin danda’u jedhanii akka inni shakkamu fi jibbamu godhuuf, olola wal shakkisiisuu oofu.
Lammaffaa, akkuma dur baran, akkuma yeroo hundaa dubbatan, waayeen dhimma Oromoo yoo ka’u, isa kana akka dhipinaatti waan ilaalaniif; kaayyoo QBOs akka fottoqinsaatti qofaa waan fudhataniif, carraa amma uumame kanatti fayyadamanii; kunoo Oromoon Itoophiyaa hin barbaadu jechuudhaan saba Oromootti diina baay’isuuf olola akkanaa afarsu. Kuni ammoo Oromoo fi Sabaa fi Sab-Lammoota impaayarittii sana keessa jiran jiduutti wal shakkiin uumamee, uummata Oromootti akka diinni heddoomu taasisuufi. Sadaffaa, akkuma makmaaksi Oromoo “Sa’a abbaan gaafa cabse, ormi ija jaamsa” jedhu, mooraa keenya keessaa namootni ykn gareeleen tokko tokko akka dhuunfaattis ta’ee akka jaarmayaatti gadi bayanii waayee Itoophiyaa diimookraatessuu fi haaraa ijaaruu waan leellisaniif; sababa kanaan ammoo Oromummaarratti dhiibbaa waan fidaniif; Oromoon tokko ani dura Oromoo dha yoo jedhu, projaktii jara kanaa faallessuu akka danda’u olola oofuudhaan ilmaan Oromoo jidduuttillee wal shakkii fi jibbinsi akka uumamu taasisuufi. Afraffaa, Yeroo ammaa, yoomiyyuu caalaa kaayyoon mooraa Oromoo bakkee lamatti bayee (Itoophiyaa diimookraatessuu fi Oromiyaa walaboomsuu) waan mula’teef, kan Itoophiyaa diimookraatessina jedhan ofitti qabanii; warra kaan achi baasanii dadhabsiisuuf jecha maqaa Itoophiyaa dursuutiin Sabboontota Oromummaaf dursa kennan irratti olola oofu. Egaa qabxiileen ani armaan olitti gaggabaabsee akka tilmaamaatti kaase kun, uummata ykn saba Oromoo miidhuuf kaayyoo olola Habashootaa haa ta’an malee, sabani isaan akkanatti maraataniif garuu kana qofaa miti. Maaliif Sabboontota keenyarratti akka dhuunfaatti olola oofu? yookaanis lubbuu isaaniillee galaafachuuf isaan adamsu ykn reebu? jennee yoo gaafii kaasne, kunis akkasuma tilmaama gara birattii nu geessuu danda’a.
Isa kana keessaayis tokko tokko tuquudhaaf: A) Oromummaa fi Sabboonummaan Oromoo yeroodhaa gara yerootti babal’achaa fi guddachaa waan dhufeef; keessumaayuu ammoo dhalootni haaraan (Dhalootni Qubee) dhaloota duraanii caalaa sabboonummaan isaanii Habashoota waan sodaachisuuf, Sabboontota akkanaa kanatti xiyyeeffatu B) Yeroo ammaa jaarmayaan Oromoo ABOllee dabalatee kan humna cimaa fi abdachiisaa qabu fi Habshoota sodaachisu mul’achuullee baatu, gama dammaqinsa fi sochii uummataatiin qabsoon cimaa dhufee; Habashoota waan hirriiba isaan dhoowwuuf (dhoorkuuf) Sabboontota uummata kakaasuu danda’an dafanii mataa gadi qabachiisuuf olola danda’amu hundaa isaanirratti oofu; kana birallee dabranii lubbuu isaanii gaaga’u C) Obboo Jawaar yoo fudhanne, Habashootni akkuma dur baran fi tooftaa siyaasaa isaanii ta’e, Oromoota ciccimoo fi kan dandeettii addaa qaban ofitti qabanii maqaa Itoophiyaatiin kaayyoo isaanii bakkaan gayachuuf yaalii godhanii; garuu Obboo Jawaar karaa kanaan isaaniif qabamuu dinnaan itti garagalanii duula irratti banu. Wanti hubatamuu qabu, namni tokko “Ani dura kana…” jedhee eenyummaa ofii ibseef ykn isaaf dursa kenneef yakkamuu hin qabu. Kan Oromoo garuu wanti adda godhamee akkanatti irratti duulamuuf, dhuguma Itoophiyaa tanaaf quuqamanii otuu hin taane, carraa argame kanatti fayyadamanii Oromummaatti xiyyeeffachuu fi qabsoo bilisummaa Oromoos dadhabsiisuuf malee, mee fakkeenyaaf otuu namni biraa Sabaa fi Sab-Lammiilee impaayara tanaa keessaa ka’ee “Ani dura….” jedhee dubbatee, kun waan akkanatti raajessamu natti hin fakkaatu. Maarree, kan Oromoo maaliif adda ta’e? Deebii gabaabaan gaafii kanaa, Oromoon waan sodaatamaa jiruuf, sababa kanaan uummata kanatti diina heddoomsuuf shira godhama jiruu dha.
Deebii gabaabaan gaafii kanaa, Oromoon waan sodaatamaa jiruuf, sababa kanaan uummata kanatti diina heddoomsuuf shira godhama jiruu dha. Kan ta’es ta’u, warra kompiitara duuba taa’anii wacaa oolan dhiisii yookaanis ammoo cuubee (albee) qabatanii Sabboonota keenya miidhuu yaalan dhiisii; warri meeshaa waraanaa hammayyaa hamma funyaaniitti hidhatanuu (Wayyaanotnuu) uummata keenya sodaachisanis, hidhanis, ajjeesanis garuu qabsoo bilisummaa keenyaa dhaabuu hin dandeenye, dhaabuus hin danda’an. Haa turu haa daddafu malee, qabsoon akka ibiddaa boba’aa jiru kun gaaf tokko diinota keenya gubee akka isaan barbadeessu yookaanis akka galaanaa akka isaanirra garagalee isaan fudhatee deemu mamiin ykn shakkiin hin jiru. Sodaa kanatu har’a isaan maraachaa jira. Haa ta’u malee, “Kan sodaatanis, kan hin hafnes du’a” jedhamaa mitiiree! Hammasitti garuu bakkee hundattuu, biyya keessattis ta’ee biyya alaatti, qabsoo hadhaawaan kun karaa hundaanuu ittifufa. Injifannoon xumuraa kan uummata Oromoo akka ta’u shakkiin hin jiru. Oromummaatu dursa! Galatoomaa! Abdii Boruu: aboruu@gmail.com
Ayyaana hiikkaa Ramadaanaa kan bara 2013 ilaalchiseeIbsa dhaaba ULFO irra kenname. 08/08/2013 021/8//2013 Eid Mubarak ! Dhaabni tokkummaa humnoota bilisummaa OromiyaaULFOn ummata islaamaa kan biyya Oromiyaa, muslimtoota Impaayara Itiyoophiyaa jalatti rakkachaa jiranii fii Islaamota guutuu addunyaa hundaaf akkasuma, kabajamoo hoogganootaa fii miseensota dhaaba ULFO, kabajamoo gooticha human waraana ULFO biyya oromiyaa keeysaa diinaan falmaa jiru maraaf kabajaa Ayyaanaa kanaan baga geeysan jechuun hoogganni dhaaba ULFOn dhaamsa ergaa gammachuu isiniif dabarsa. Akkuma beekkamu impaayarri Itiyoophiyaa erga jaaramee jalqabee roorroo fii hacuuccaan daangaa hin qabne raawatamaa ture ammaas raawwatamaa jira. Addatti ammoo gidiraan fokkisaan ummata islaamaa irratti raawwatamaa ture ammaas deemaa jira. Duulli bal’aan banamee ture Eenyummaa saba oromoo dhabamsiisuu fii abbaa biyyummaa oromiyaa mulquu qofaan kan dhaabbate hin turre. Imaammata biyya tokkoo fii amantii takka jedhuun mirgi lammiilee keenya kan amantii Islaamaa hordofan gara malee sarbamee ture, Ammaas akkuma ittifufetti jira. Kuniis tooftaa mootummoonni habashaa warra dhihaarraa gargaarsaan argachuuf tolfate malee duula haawaasni kiristiyaanaa ummata islaamaa irrtti banan kan musl’isumiti. Hujiin farrummaa kan mootummoonni abbaa irree ifiin jaaruuf hojjataa turan kun ammaas ummata islaamaairratti cimee itti fufaa jiraachuu isaa ULFOn cimsee balaaleyfata. Falmaa mirga Ammantii ummanni Islaamaa guutuu biyyattii keeysatti finiinsaa jiru kun sirriidhaa fii haqaa waan taheef itti fufuu kan qabu tahuu dhaabni keenya ULFOn deeggarsa isaa mul’isa. Gara biraatiin falmaan mirga ummata islaamaatiin godhamaa jiru kun gaafii sirriitii fii deebii male argachuun mirga hordoftoota Amantiilee, waaqeffataa fii kiristiyaanaatiifiis furmaata gamtaati, Jechuun lammiileen keenya kan amantii waqeeffataa fii kiristiyaanaa hordofan deeggarsa qaban ibsaa jiran.
Kuniis hordoftoota amantii jiddutti rakkoon wal dadhabuu tokkoyyuu akka hin jirre ifatti mul’isaa jira. Haa tahuu malee mootummaan wayyaanee mirga amantii keessa galuun jeequmsa ifiif Uume gaafii ummata islaamaa shoorarkaa fakkeessuuf oliif gad wixxisaa jira. Yaalii hanga ammaatti godhaa ture keessattiis fashalee jira. Diraamaa sobaa kan gara fuul duratti mirga amantii sarbuun doolaara siyaasaa argachuuf godhu hundarrtti akka fashaluus hujiin gamtaan hojjatamuu qaba. Mootummaan abbaa irree kun akka buqqa’uufiis dhaabbiileen mormitoota siyaasaatii fii hiriirota miga amantii jiddutti hariiroon wal hubannoo fii waliif tumsaa cimaan diriiruu qaba. Kabajamtoota lammiilee biyyaa, sirna kabajaa Ayyaana ‘’Eid Al~ faxir’’ kanarrtti lammiileen biyyattii marti Sabaan, Gosaan, Amantiin, Kutaan, Naannoon osoo wal duuba hin hafin hiriira gamtaa jabaan akkagootan hooggannid haaba ULFO dhaamsa isaa dabarsa. Lammiileen keenya biyya ambaa jiraataniis deeggarsa ummata isaaniitiif qaban guutuu addunyaarratti hiriiraan ibsuu qabu. Biyya keeysaa fii alatttiis dhaadannoolee kanaan gadii qabachuun mormii Mootummaa Wayyaaneratti qabdan mul’isuun barbaachisaadha. 1. Sirni abbaa irree EPRDF haa diigamu. ! ! 2. EPRDF farra guddinaa fii dimokraasiiti. ! ! 3. Gaafiin ummata Islaamaa deebi’uun furtuu mirga Amantii hundaati. ! ! 4. Shoorarkeeysituun wayyaaneedha. ! ! 5. lammiileen keenya gaafii mirgaatiif hidhaman haa hiikkaman. ! ! 6. Biyyi keenya wayyaaneen alatti Shoorarkeessitummaarraa Walaba. ! ! 7. Hanga kabajamuun mirgootaa fii Ol’aantummaan Seeraa dhugoomutti Qabsoon itti fufa.!! kkf- Dhagessissuun mormii keeysan ibsuun gaafii belbeltuu yerooti.
kkf- Dhagessissuun mormii keeysan ibsuun gaafii belbeltuu yerooti. Gara biraatiin dhaabbiileen siyaasaa mirgaa fii haqa ummataa, Akkasuma walabummaa biyyaatiif qabsoo hidhannoo filataniis yeroo ummanni keenya harka duwwaa diinaan falmaa jiran kanatti yeroo kamuu caalaa cimanii diinarratti fuulleffachuun alatti mimmiluquu fii dahoo fagoo tolfatanii baqattoota waliin jiraachuun hafuu qaba. Eegaa kan bara kanaa baga ittiin nu gahe kan bara dhufuu Oromiyaa walaboomteirratti waliin nu haa gahu jechuun ULFOn dhaamsa isaa dabarsa. Tokkummaan Human. ! ! Oromiyaan Ni Walaboomti. ! ! KHR ULFO / THBO August, 8 – 2013
Warra eenyummaa saba tokkoo hin kabajne wajjin biyya waloo takka ijaaruun hin danda’amu Abdii Boruutiin Gara qabiyyee barreeffama kiyyaatti otuu hin seenin dura, duula nafxanyoonni yeroo ammaa Oromummaarratti godhaa jiran ilaalchisee, deebii mooraa keenya keessaa kennamaa jiruuf akka waliigalaatti; keessumaayuu ammoo Sabboonaan keenya Dargaggoo Abdii Fiixee dandeettii isaa addaa kanaan deebii inni kennaa jiru http://ayyaantuu.com/horn-of-africa-news/ethiopia/we-dont-expect-a-dove-from-snake-egg-ke-ibab-inkulal-irgib-antebikim/ baayi’see galatteffachuun barbaada. Asirratti gootummaa Dhaloota Qubee yoon dinqisiifadhu, waan Sabboonaan keenya Obboo Jawaar godhaa jiru hin daganne. Gaafii fi deebii inni EthioTube wajjin dhiyoo kana godhes http://gadaa.com/GadaaTube/8609/2013/08/07/ethiotube-presents-obbo-jawar-mohammed yoomiyyuu caalaa kutannoo dhaloota haaraa agarsiisa. Akka waliigalaatti yoo ilaalame, haalli yeroo ammaa kun waan adda addaa akka hubatan nama taasisa. Inni tokko Oromoon Oromummaadhaan bilchaatani fi Sabboonummaan isaanii cimaa ta’e, akkamitti gamtaadhaan dhimma saba Oromoo akka ittisan agarsiisa. Karaa biraatiin ammoo, tuffiis haa ta’u sodaa qabanirraayis haa maddu; sababni kanaa waanuma fedhes haa ta’u, jibbi Habashootni keessumaayuu nafxanyoonni Oromummaaf qaban ukkaamamee fi iitayee ture amma akka dhodhowaa jiru agarsiisa. Gara mata dureetti deebi’uudhaaf, mee dura gaafiilee tokko tokkon kaasuu barbaada: Haala yeroo ammaa kanarraa Oromoon maal barata?Keessumaayuu warri Habashoota wajjin waliigallee, hojjennee biyya takka waliin ijaarra jedhanii yaadan, dhugumatti projektiin isaanii kun ni milkaaya jedhanii amauu?
Makmaaksi: “Diinni diina kiyyaa michuu kiyya” jedhu akka waliigalaatti dhugaa haa ta’u malee, qabsoo bilisummaa Oromoo keessatti waan hojjetu hin fakkaatu. Har’a, diina hamaa, Wayyaanee nama-nyaata kana injifachuuf jedhanii, Habshoota biroo, kan yoo haalli mijateef sirna dulloomaa durii sana deebisanii ijaaruuf hawwi qaban, wajjin tumsa uumuuf yaaduun ykn yaaluun deebiin isaa akkuma weellisaan keenya Adam Haruu ”Waraaboon narraa bu’ee, qeerransi narra bayus, bineensi bineensumaa,…” jedhe sana ta’a. Oromoon diinota hamaa lama akka qabu yoomiyyuu caalaa hubachuu qaba. Isaanis nafxanyoota haaraa (Wayyaanota) kan nu nyaachaa jirani fi nafxanyoota moofaa, kan muuxatanii bifa haaraadhaan nutti deebi’anii nu nyaachuuf hamuummachaa jiran; kanaafis halkanii fi guyyaa hojjechaa jirani dha. Warra, maaliif eenyummaa keessan himattu? Maaliif maqaa kanaan of waamtu (yaamtu)? Kan nuti isinirratti feene (Ethiopiawinet) dhiistanii maaliif eenyummaa keessaniif dursa kennitu? jedhanii duula nurratti oofaa jiran wajjin, akkamitti biyya takka biyya waloo kan hundaafuu taatu ijaaruun danda’ama? Yoomuma shirri Habashootaa kun nutti mul’ata laata? Hanga yoomiitti gara gara faffacaanee; akka diinni kophaa kophaatti nu rukutu carraa kenninaaf? Kaayyoo hin milkoofneef ykn milkaayuu hin dandeenyeef maaliif yeroo keenya gubna? Maaliif beekumsa, dandeettii fi qabeenya Oromoos waan hin taanerra oolchina?Otuu nu arrabsaa fi nu abaaraa jiranuu, akkamitti isaanitti deemnee isaan wajjin hojjechuu yaadna? Namni bilisummaa namarraa fudhate akkamitti deebisee namaaf kenna jennee waayee bilisummaatuu isaan wajjin haasofna? Oromoo, jarri kun warra injifannoolee QBOn hanga ammaatti argamsiise kanaayyuu balleessuu barbaadaniidhaa bar.
Mee hubadhaa waan isaan jechaa jiran. Mee ilaalaa waan tajaajiltootni isaanii barreessaa jiran. Mee ittiyaadaa akkamitti isaan seenaa saba keenyaa xureessaa jiran. Waan isaan nurratti dalagaa jiran lakkaawamee hin dhumu. Egaa, jara akkanaa wajjinii kan biyya takka waliin ijaarree nagaan wajjin jiraachuu dandeenyu? Erga waayeen uummata ykn saba Oromoo TV Aljaziraa irratti mariitti dhiyaate fi achirratti Obboo Jawar “I am Oromo first!” jedhee dubbate booda, dhimmi kun nafxanyoota haaraa fi moofaallee tokko isaan taasise. Oromummaadhaan falumuun yookaanis Oromummaa dura dhaabbachuun kaayyoo jara lamaaniituu waan ta’eef, asirratti gamaa gamanaa waliif mirmatan (dirmatan). Oromoon hoo maal godhaa jira? Hanga yoomiitti callisanii taa’uun filatama? Oromoo fi Oromummaarratti karaalee adda addaatiin duulamaa jira. Biyya keessatti duguuginsi sanyii Oromoo akka jalqabetti ittifufaa jira. Wanti Oromiyaa bahaatti yeroo ammaa ta’aa jiru kun diraamaa fiilmii otuu hin taane, badii uummata keenyarratti banamee dha. Kan yeroo dhiyoo kana naannoo Arsiitti musliimota Oromoorra gaye; hojii sukkaneessaan kun, kan Apaartaayidiin Aafrikaa Kibbaa yeroo duri sana uummata gurraacha irraan gahaa ture sana wajjin walfakkaata. Uummata keenyarratti rasaasa dhukaasaa duuban itti kuflaa akka jiran waan viidiyoorratti mul’atee dha. Asirratti waayee kana yoon kaasu, dubbii gamaa gamanaa walitti fiduuf otuu hin taane, duulli nurratti godhamaa jiru kun hunduu kaayyoo tokko waan qabuufi. Biyya alaatti, nafxanyoonni har’a kan Oromummaarratti duulaniif maaliif jennee yoo ofgaafanne, deebiin isaa ulfaataa waan ta’u natti hin fakkaatu. Habashootni, karaa tokkoon sodaan isaan Oromoorraa qaban akkuma jirutti ta’ee, karaa biraatiin garuu tuffii nuuf qabnirraa akka maddus dagachuu hin qabnu. Haa ta’u malee, maaliif nu tuffatu jennees ofgaafachuu qabna.
Sababni inni tokko Oromoodhumatu Oromoo tuffachiisa. Oromootni mooraa ofii dhiisanii mooraa diinaatti ykn alagaatti kaachuun Habshootaaf hamilee kenna. Asirratti, sirbi Artistin keenya Haacaaluu Hundeessaa: “Alagaan alagumaa maaltu alagaadhaan fira jedhe…” jedhee weellise qabiyyee fi dhaamsi isaa Oromoota hundaafuu waan gale natti hin fakkaatu. Karaa siyaasaatiinis yoo ilaalame, impaayara dulloomtee kufuudhaaf dhiyaatte tana diimookraatessinee haaraa ijaarra warri jedhanii, asii fi achi dhama’anis akkasuma Habashootaaf hamilee akka ta’an waan nama mamsiisuu miti. Itoophiyummaa faarsuun jara keenyaa kunis, akka mooraan QBO laaffatte waan mul’isuuf, warra Oromummaarratti cichan kophaatti dadhabsiisuuf akka itti tolu waan hubataniif, sababa kanaan Sabboontota keenyarratti duula oofu. Diinni silaa diinuma, alagaanis akkasuma, wanti isaan dalagan nama hin dinqu kan nama dinqu garuu, eenyummaa keessan hin himatinaa jedhanii yoo akkanatti nurratti duulan kana, warri nuti Oromoo dha; bilisummaa Oromootiif qabsoofna jedhanii dubbatan, karaa biraatiin garuu Habshoota akkanaa wajjin biyya takka ijaaruuf kaayyoo qaban, akkamitti of ilaalu? Eenyummaa ofii duubatti hanbisaniiti bilisummaa Oromootiif qabsaa’u moo Itoophiyaatu dursa jechaa; garuu maqaa saba Oromootiin fedhii dhuunfaa bakkaan gahuu barbaaduu? Waayee yeroo ammaa deemaa jiru kanarratti ejjannoon namoota keenyaa kun maali? Oromummaa dha moo Itoophiyummaatu dursa jedhanii otuu gaafatamanii, deebiin isaanii maal ta’ina laata? Namni eenyummaa ofiitiif hin quuqamne, eenyummaa isaa/ishii akkamitti ilaala? Nafxanyootni, kan dubbiin “Ani dura Oromoo dha” jedhu kun akkanatti isaan maraache, eenyummaa saba Oromoo kabajanii; biyya waloo hundaafuu taatu ijaaruu akka hin barbaadne yoomiyyuu caalaa ifa godhanii jiru.
Nafxanyootni, kan dubbiin “Ani dura Oromoo dha” jedhu kun akkanatti isaan maraache, eenyummaa saba Oromoo kabajanii; biyya waloo hundaafuu taatu ijaaruu akka hin barbaadne yoomiyyuu caalaa ifa godhanii jiru. Kanaafuu, dhaamsi ani akka ilma Oromoo tokkootti Oromoota kaayyoo Oromummaarratti hin hundoofne qabaniif dabarsuu barbaadu: Tokkummaa ilmaan Oromoo, tokkummaa Oromummaa malee karaan biraa isinis ta’ee uummata Oromoo kan gabrummaa keessaa baasuu danda’u hin jiru. Dhumarratti, carraa kanaan waan tokko ibsuun barbaada. Akkan Raadiyoo Simbirtuu (08/08/2013) irraa dhagayetti, Obboo Jawaar Mohaammad Prezidaantii Waldaa Qorannoo Oromoo (Oromo Studies Association – OSA) ta’ee filatamuun isaa baay’ee na gammachiise. Kun karaa adda addaatiin ilaalama. Tokkoffaa, Sabboonaan keenya kun, yeroo abaarsi fi arrabni Habshootaan irratti roobamaa jiru kanatti ittigaafatama knaaaf filatamuun isaa, isaafis ta’ee uummata keenyaaf kabaja guddaa dha. Lammaffaa, dargaggoo beekaa, xiinxalaa fi kutataan kun hogganummaa jaarmayaa kanaa fudhachuun isaa dhaloota haaraadhaaf fakkeenya gaarii ta’a. Jaarmayaan kunis bara itti aanee dhufu kana keessatti kan dur caalaa waan guddaa tokko dalagee; mooraa keenya keessatti jijjiirama fi bu’aa tokko akka fidu abdiin qaba. Obboo Jawaar, dandeettii kee kana uummata Oromootiif akka oolchitu, Waaqni/Rabbi fi Ayyaanni Oromoo si haa gargaaru, jabaadhu Sabboonaa keenya jechuun barbaada. Dargaggoo Abdii Fiixees akkasuma dandeettii qabdu kanaan uummata kee caalaatti akka tajaajiltu fi qabsoo kana keessattis gahee guddaa akka taphattu abdiin qaba. Atis jabaadhu. Hundi keessanuu dhaloota haaraaf fakkeenya gaarii ta’uu qabdu. Oromoon isinnii boona. Nuti yoomiyyuu dura Oromoo dha! Galatoomaa! Abdii Boruu: aboruu@gmail.com
suuraa isin as irratti argitanu kun yeroo Oromootin Qulqulluun kun Ergmatoota Sirna TPLF Magaalaa Baadiyyaa Burruusaa keesaa fe’amaa jiranu kan argisiisudha.
KOREE AYYAANA YAADANNOO WAGGAA 50-FFAA QABSOO HIDHANNOO – OROMIYAA (1963) Fulbaana 14, 2013 Ummanni Oromoo harqootaa gabroofataa Habashaa jalaa bilisa of-baasuuf qabsoo geggeesse hangafoota keessa takka lola Oromoo Baalee ka bara 1963-hii tahuun beekamaa dha. Qabsoon gaafasii babal’attee kutaalee Kibbaa-Baha Oromiyaa mara keessatti wareegamni gaafatte laafaa hin turre. Gootota wareegama qaalii baasan san yaadatuun dirqama seenaa ta’uu isaa hubatuu dhaan, Ayyaana Yaadannoo Waggaa Shantameessaa jalqaba qabsoo sanii barana addunyaa guutuu keessatti kabajuuf sochiin wagga tokkoo calaaf adeemsifamaa turte gufuulee adda addaatiin haga tokko dubbatti harkifataa jirti. Gufuulee qophii ayyaana kanaatti danqa tayan keessaa irra guddaan gara Preezadantiin OSA kan baranaa – DR. Ibraahim Elemoo tii fi obboleessa isaa Kadiiro Elemoo irraa tahuu ummanni ayyaana kana hawwiin eeggataa jiru martinu akka quba qabaatu gochuuf ibsa kana baasuuf dirqamnee jirra. Ayyaanni kun ulfinna isaan maluun faayamee akka kabajamu gochuuf yaalii godhamee ture keessatti maqaa dhabaatiin ykn maqaa hawaasaatiin akka qindheeffamu yaada jedhu irratti ilaalchi adda addaa uumamee osomaa furmaanni manguddotaan yaalamaa jiru, Dr. Ibraahimii fi obboleesi isaa akkaataa nama saalfachiisuun harka keessa galfatanii namoota kanaan dura maqaa dhaabaatiin kabajna jechaa turan ofitti ammatanii “OSA-n ogummaa fi qabeenna gayaa waan qabuuf nutu isin wajjiin kabaja” waadaa jedhuun addaan fottoqiinsa koree dhalchanii kunoo haga ardhaatti gufuu tayaa jiran. Jarreen kun akka gocha kanarraa eemaraman koree fi dhuunfalleen tattaaffii godhameef gatii kennuu didadii, kunoo nu ilmaan Oromoo jiddutti hammeenna dhalootaan dhaalamuuf deemu oofaa jiran.
Tuffii fi dantaa dhabaan rakkinni isaan habaqaalan kun: 1. Ayyaana herregame gatii fi kabajaa isaan malu dhabsiisa 2. Hirmaannaa lammiiwwan Oromoo biyyoota adda addaa irraa gochuuf hawwaa jiran irdhisa 3. Gootatota Oromoof lolan sadarkaa gandaatti gad-deebisa 4. Ayyaana sagantaalee guyyaalee sadihii guutuun kabajamuuf bu’urfame gara saa’aa jahatti gabaabse dhama dhabsiisa. 5. OSA’n jaarmaya rakkoo hawaasa Oromoo keessatti mul’attu beekkomsa hayyootaatiin furuuf gargaaru ta’uu dhiisee, murnoota Oromoota waliindhahuu fi qooqqodutti gadi siqa. Dr. Ibraahim akka harkaa isaatii fi ka OSA illee qophii ayyaana kanaa keessaa baafatu telefoonaa fi barreeffamaan ergaa itti himameef dantaa hin kennine. Isaa fi obboleessis ayyaana kana keessatti mul’atuuf hawwii qaban fiixa baasuuf tumsa tahuu bira dabranii hoggana qophii sanii tahuuf yaaluu isaanii, duulli sabaa-himoota hawaasotaatiin gochaa jiran waan dhokata qabuu miti. Akka dhuunfaatti nama ykn garee fedhan wajjiin dhaabatuun mirga isaaniiti. Garuu, maqaa OSA-tiin addaan qoodamiinsi isaan nu giddutti utuban sadarkaa akkaan yaadchisaa irra waan gayeef jecha, hoggantichi kun daddafitti akka qophii kana keessaa harka baafatan hogganni OSA tii fi lammiiwwan Oromoo martinuu akka dhiibba irra kaayan kabajaa guddaan gaafanna. Obbooleeyyan keenna kanneen gorsa jarreen saniitiin hawatamanii diiggaa dhalootaan dhaalamuuf deemu keessa seenanis akka hatattamatti shira san hubatanii gara miiza mariitti deebi’an onnee obbolummaa biyyoomaatiin gaafanna. Waamicha kana didanii jarreen kaayoo diiggaa qabaniif ulee tahuun, jeynoota saba Oromoo guutuuf qabsaawanii kufan gulantaa warraa, balbalaa fi gosaatti gad-buusuu taati.
Waamicha kana didanii jarreen kaayoo diiggaa qabaniif ulee tahuun, jeynoota saba Oromoo guutuuf qabsaawanii kufan gulantaa warraa, balbalaa fi gosaatti gad-buusuu taati. Kanaafuu, hayyootaa fi manguddoonni, dargaggootaa fi shamarran seenaa kanaaf dhimman martinuu biyya jiranitti sochii qaanqee diigamiinsa tana dhaamsuuf geggeeffamu keessaa akka qooda gayaa fudhatan afeerra. Akkasumattis, Ayyaanni yaadame kun akka namoonni tokko tokko maqaa itti argatuu qofaaf hobbaafataaf fiffiigan sanitti osoo hin tayin, koree ardiiwwan Awuroophaa, Awustraliyaa, Ameerikaa Kabaa, Afrikaa fi Eeshiyaa irraa ijaaramteen ulfinna isaan maluu uffatee akkaataa dhalootaaf barnoota gayaa itti kennuu dandayutti kabajamuuf akka jiraatu hirema tanatti gargaaramnee ummata Oromoo mara hubachiisuu feena. Bara ilmaan Habashootaa eennumaa Oromoo irratti duulaa jiran kanatti, nu ilmaan Oromoo garaagarummaa bu’aa hinfidneen addaan qoodamiinsa biraa wixinuun cubbuu daangaa hin qabne. Kanaafuu, dhama obbolummaa sabaatii fi qalbii qulqulluu Oromummaa tiin ergaan kun hubatamee, hogganni OSA walitti dhufee tarkaanfii barbaachisu fudhatee akka ifatti nu beeksisu kabajaa guddaan gaafanna. Ayyaanni darreen October 20, bara 2013, Minneapolis-tti tayuuf saganteeffames, kabajaa, gaachanaa fi qarruu Ayyaani kun qabaatuun malu waan irdhisuuf jecha, marii aadaa fi safuu Oromummaa guuttuun gara guyyaa biraatti ka jijjiramuuf deemuu tahuu hubachiifna. Bakkaa fi guyyaan gara fuuduraatti ibsama. Galatoomaa. Kabajaa wajjiin, Koree Ayyaana Yaadannoo Waggaa 50-ffaa Q/H Oromiyaa (1963) Koreea.a.yaadannoo@gmail.com
Afaan Arabaa fi afaan Kiswaahilii afaan ardii biraa yoo ta'an, Afaan Oromoo afaan Afrikaa keesdubbatamu keessaa Lammaffaa ta'a; osoo mootummaa yookiin wiirtuu afaanii qabaatee immoo addunyaarratti sadarkaa sadaffaa
World Health Organization diabete gossa sadii akka jiruu gabassera, kunis: Type 1, Type 2 fi Gestational Diabetes (kan yerro Garracha dhufu dha).
"Produced" (kan qopha'e) Laura Ziskin yoo ta'u, "host" kan godhe (kan geggesse) immo Talk Show kan qabdu Ellen DeGeneresiin.
Afaan Bayyettin X-rayiin "Rontgen radiation" jedhama kunis namicha radiation qo'atte Wilhelm Rontgen jedhamu irra ka'unni.
Maayikil Joordaan Maayikil Joordaan (Afaan Ingiliish: Michael Jeffrey Jordan; bara dhalootaa Guraandhala 17, 1963) kan jedhamu tabataa kubba kaachhoo (basketball) Ameerikaa kan amma taphachu dhabee dha. Ballinan taphatta kubba kaachhoo guddicha jedhame kan beekkamu Jordaan, dhaloota isaa keessatti taba nama dinqisissu kan tabatee fi akkasumas addunyaa keessatti baroota 1980 fi 1990 keessatti NBAn akka beekkamaa ta'u hojii guddaa hojjateera. Hojii baayyee nama dinquu Yuunivarsiitii Karolaayinaa Kaabaa (University of North Calorina)tti erga hojjatte booda, garee NBA Chikaagoo Buulsi(Chicago Bulls) jedhamani bara 1984tti seene. Akkuma seeneen Joordaan taphataa beekkamaa liigii sunii ta'e, akkasumas qabxii fidu baayyee nama dinquuni daawwatoota dinqisisaa ture. Dandeettii qurrupachu qabu irra kan ka'e Slam Dunk Contests irratti foul line irra quruphatte slam dunk gochu waan danda'uffi Jordaan maqaa "Joordaanii Qilleensaa" (Air Jordan) fi "Qilleensummaa isaa" (His Airness) jedhamu argachu danda'era. Kan qofa osoo hin ta'in bekkamuma ittisuu yookan "kubba deebisuu" argateera. Bara 1991tti garee isaa Buulsi wajjin shaampiyonshiippii fudhachuu jalqabe, bara 1992 fi 1993tti walitti aansudhaan Buulsi shaampiyonshiippii fudhachu dandettera. Kuni immo mata duree yeroo sadii wal-gulla mo'achu (three-peat) jedhamu akka argatani warra tasiserra. Onkoloolessa 1993tti Joordaan kubba kaachoo dhiisee baseball taphadha yaada jedhuni ergaa ba'ee boodaa, bara 1995tti Buulsi deebi'ee warra wajjin shaampiyonshiippii saddi kan birra akka nyaatan warra taasiseera.
Onkoloolessa 1993tti Joordaan kubba kaachoo dhiisee baseball taphadha yaada jedhuni ergaa ba'ee boodaa, bara 1995tti Buulsi deebi'ee warra wajjin shaampiyonshiippii saddi kan birra akka nyaatan warra taasiseera. Kunis bara 1996, 1997 fi 1998ttit. "Season"ii bara 1995-96 jirru keessatti Buulsiin NBA keessatti tapha 72 mo'achuni rikardii qabachu dandettera. Joordaan ammallee bara 1999 ergaa NBA dhisee bodda debi'e Waashingiten Wiizaardisif bara 2001-03 taphachu danda'era. Jordan ofiif badhaasa kanneen armaan gadii fudhattera: Joordaan taba waggaa tokko keessatti tapha irratti keessatti giddu galeessaan 30.1 fi Playoffs kessatti giddu galeessaan 33.4 tapha tokko keessatti qabachuun riikardii qabatee argama. Bara 1999, Joordaan atileetii guddichaa Kaabaa Ameerikaa jaarraa 20ffaa jedhamuni ESPNiin badhaafame, kuni immoo Babe Ruthitt aanee Asoosheetid Pirees (Associated Press) irratti atileetii jaarraa kanaa (athlete of the century) jedhame filatamuun lammaffa irratti argama. Joordaan daldalaaniis beekkamaa ture. Isniikeroota Nike's Air Jordan jedhaman gurguruun beekkama, isniikeroonni kuni bara 1985tti kan jalqabaman yoo ta'an hanga amma beekkamo dha. Joordaan bara 1996tti fiilmii Ispees Jaam (Space Jam) jedhamu irratti hojjachu danda'erra. Yeroo ammaatti kutaa kubba kaachoo Charlotte Bobcats jedhaman kan Karolaayinaa Kaabaatti argamani keessatti kuttan kan bulchu fi miseensa bulchiinsaa ti.
Network analysis kan jedhamu wa'ee tesso tributary qo'atte, tartibba 1ffa, 2ffa fi 3ffa... ttin olka'a.
Namoonni tokko tokko kofalee umrii Finfinne qixaa yookiin caalaa qabdi jedhu.
Waantotni albumin ofii kessa qaban kan akka Okokaan adii "albuminoids" jedhamanii wamamu.
Fluid dynamics kessatti rakkoleen argaman kan hikkaman ammalla (property) "fluid" (fesashi) kan akka velocity, dhibaa, density fi temprature isaanii yeroo (time) fi bakka irratti hunda'anii lakka'un.
Baayyinni ummatta kana miliyoona baayyee yoo ta'uu, baayyeen isaani amantii kiristaanaa kan hordofanii dha.
Ho'a Adunya Ho'a Addunyaa (global warming) kan jedhamu itti darama adeemuu avreejiii tempireechara qilleensa lafatti dhi'aatee argamuu fi bishaan kan waggaa kudhanan kan duraa keessatti adeemsifamee fi kan itti fufa adeemuudha. Avreejii tempireechariin qilleensa addunyaa lafatti dhi'aatee argamu waggaa dhibba bara 2005 dura jirutti hanga 0.74 ± 0.18 °C (1.33 ± 0.32 °F) guddate turee. Waldaan Intergovernmental Panel on Climate Change (IPCC) kan jedhamu akka waliigalanit "guddachuun avreg temprechera jiddu cencherii 20ffat ademsifame kan ka'ee sababa bayyina gazii greenhousii anthropogenic kan greenhouse effect kessan dhufuun". Ademsifami dhalotaan ta'u kan akka Jijjirama Aduu (Solar Variation) Volcano wajiin walit qabatee bara Industrii-duraa hanga 1950ffat ho'a qillensaf sababa yoo ta'uu, bara 1950 hanga amma immo qabana'u qillensaf sababa ta'a jedhame yadatama. Waliigalteen guddan kun These basic conclusions have been endorsed by at least 30 scientific societies and academies of science, including all of the national academies of science of the major industrialized countries. While individual scientists have voiced disagreement with some findings of the IPCC,the overwhelming majority of scientists working on climate change agree with the IPCC's main conclusions. Climate model projections summarized by the IPCC indicate that average global surface temperature will likely rise a further during the 21st century. The range of values results from the use of differing scenarios of future greenhouse gas emissions as well as models with differing climate sensitivity. Although most studies focus on the period up to 2100, warming and sea level rise are expected to continue for more than a thousand years even if greenhouse gas levels are stabilized. The delay in reaching equilibrium is a result of the large heat capacity of the oceans. Increasing global temperature will cause sea level to rise, and is expected to increase the intensity of extreme weather events and to change the amount and pattern of precipitation.
Increasing global temperature will cause sea level to rise, and is expected to increase the intensity of extreme weather events and to change the amount and pattern of precipitation. Other effects of global warming include changes in agricultural yields, trade routes, glacier retreat, species extinctions and increases in the ranges of disease vectors. Remaining scientific uncertainties include the amount of warming expected in the future, and how warming and related changes will vary from region to region around the globe. Most national governments have signed and ratified the Kyoto Protocol aimed at reducing greenhouse gas emissions, but there is ongoing political and public debate worldwide regarding what, if any, action should be taken to reduce or reverse future warming or to adapt to its expected consequences.
Dez 2006 tilmamee 17,865 Density 1563/square km Time zone EAT (UTC+1) Summer (DST) (UTC+2) Calling code 04122
Bara 2006 bayinna ummata 295 calu biyyotta.
Finfinnee FINFINNEE Teessoo Finfinnee fi gosoota Oromoo Finfinnee keessa fi naannoo ishii Qubatan.
Garba Atilaantikii Garbi Atilaantiik addunyaa keessaa garba guddinaan lammaffaa yoo ta'u, tilmaaman tokko shanaffa fuula lafaa qabata. Maqaan isaa Amantii Giriik irra kan dhufee yoo ta'u, kun jechuun immoo Garba Atilaas jechu dha. Maqaan kuni kan durii yeroo duraaf itti fayyadaman yeroo seenaa Heroodetes" bara 450 DhKD keessatti. Garba Addunyaan(World Ocean) kan walitti qabatee deemu yoo ta'u, Garbi Atilaantiik immo isaan keessaa tokko. Garba Atilaantiikiin garbi walitti qabatee jiru Garba Arkitiik, Garba Paasifiik ,Garba Indiyaa, fi Garba Kibbaati. Kutaa lafaa fakki S keessatti yoo ta'u Americas, Yuurooppi fi Afrikaa jiddu yaa'a. Garbi kuni Kaaba Atilaantiik fi Kibba Atilaantiik jedhamer sarara Equatorial Counter Currentiin tilmaman 8° kaaba latitude kan argamun gargari qoodama. Garbi kuni dhihaan biyya "Americas" (USA fi Ameerikaa Kibbaa)n kan daangeffame yoo ta'u, kaaba fi kaaba-bahaan Garba Arkitiik irra biyyoota Odoloota Arkitiikii Kanaadaa, Giriinlaandi, Aayislaandi, Izvaalberdi fi Yuurooppin gargari baha. Kan Garba Arkitiik wajjin walitti qabatu jiddu Denmark Strait, Galaana Giriinlaandi, Galaana Noorweeyi, fi Galaana Baarentis keessani. Bahaan garbi kun Yuurooppin, Streetii Jibraalter (straight of Gibralter) fi Afrikaan daangeffama. Kibba-bahan garbi kuni gara Garba Indiyaa seena, kan gargari warra basus sarara 20° East meridian kan Cape Agulhas irra gara Antaarkitiikaa kibba ce'un gargara ba'a. Bulchoonni tokko tokko akka garbi kuni kibba gara keessa Antaartiikaa akka ce'u godhani agarsisanille, kanneen biraa immo akka kibbaan Garba Kibbaan akka daangeffametti agarsiisu. Kibba-dhihaan Drake Passagen Garba Paasifiik wajjin garba kana qabsisa. Dandiin (bishaan) kan naman midhafame jiddu Atilaantiik fi Paasifiikitti argamu ni jira, kunis Kanaalii Panaamaa jedhama.
Dandiin (bishaan) kan naman midhafame jiddu Atilaantiik fi Paasifiikitti argamu ni jira, kunis Kanaalii Panaamaa jedhama. Bishaanotti biraa dhi'eenyatti (itti ananii) argaman ni jiru, kunnis: Galaana Karibiyaan, Gulf of Mexico, Hudson Bay , Galaana Meditiraaniyaan, Galaana Kaabaa (North Sea) fi Galaana Baaltik jedhaman ni jiru. Parsentii 20% fuula lafa qabachuun, Garba Atilaantiikiin ballinaan Paasifiikitti anne lammaffa irratti argama. Garba qarqara isaa jirran wajjin walitti yoo ida'ame, ballina hanga 106,400,000 square kilometers (41,100,000 square mile) yoo qabattu, isaan malle immo ballina hanga 82,400,000 square kilometers (31,800,000 sq mi) ta'e qaba. Qabiyyeen(volume) bishaan kan garba kana bishaan qarqara jirran wajjin yoo walitti qabame hanga 354,700,000 cubic kilometers (85,100,000 cu mi) yoo ta'u isaan malle immo 323,600,000 cubic kilometers (77,640,000 cu mi) ta'a. Dhooqni (kessa faggeni) gara keessa garba kana (bishaan qarqarra jirran walitti qabun) "avirejjiin" isaa 3,338 meetira (10,932 foot); yoo ta'u isaan malee immo 3,926 meetira (12,881 ft). Dhooqni yookan keessa fageenyi guddaan garba kana 8,605 meetira (28,232 ft), yoo ta'u kan itti argamus Puerto Rico Trenchitti. Dheerinni dagalee (ballina) garba kana jiddu Biraazil fi Laayibeeriyaatti argamu 2,848 km (1,770 mi) yoo ta'u jiddu United States fi kaaba Afrikaatti 4,830 km (3,000 mi) ta'a, bakka hafaanitti immo jiddu lakkofsa kaneenitti argama.
hayyota bebeekamoo aana kana keesatti dhalatan keessaa muraasni: kannen biroo fi isaanan amma lafaa dhufaa jiranis ni jiru.
Bara durii fi giddugaleessaa keessa Bilad al Barbar ("Biyya Barbarootaa") kan jedhamu Gaanfi Afrikaa, biyyoota Eertiraa, Jibuutii, Itoophiyaa fi Somaaliyaa qabata.
Baayyinni uummata Indiyaa biliyoona 1.2 ta'a.
Bara 2007 bayinna ummata 50,841 calu biyyotta.
Baayoloojii Baayoloojiin gosa saayinsii uummama kan waa'ee lubbuu fi lubbu qabeeyyii qoratu; kunis akkataa itti isaan tolfaman, guddina isaanii, faayidaa isaanii, tatamsa'ina isaanii, jijjirama tirannaa isaanii fi Ramadditti qoodu(taxonomy) of keessatti qabata.
Sirbaa Oromoo Booranaa fi Oromoo Gujii sirbuudhaan inni kan beekkamu.
Bara 2011 bayinna ummata 1,652 calu biyyotta.
Jaarraa Abbaa Gadaa Section::::Seenaa Duubaa. Jaarraa Abbaa Gadaa Baha Oromiyaa, konyaa Gaara Mul’ataa ganda Mudiir Gooroo keessatti abbaasaa Ibraahim Hamiid fi harmeesaa Moominaa Eeboo irraa bara 1936 dhalatan. Yeroo umuriin barnootaf ga'us mana barumsaa galanii barachuu eegalan. Mana barumsaa sadarkaa olaanaa Harar keessatti yeroo baratan, baratoonni saboota biroo akka Amaaraa, Hararii fi kkf yeroo ayyaanaa walaloo fi sirba aadaa sirbanii ummata isaani bashannansiisu ture. Baratoonni Oromoo garuu, sababa hacuuccaa, dhiibbaa fi jibbiinsa irratti geggeeffamurraa kan ka'e hirmaannan afaanii fi aadaa ofii guddisuu hinyaaddamu ture. Kun itti dhaga'ame Jaarraa Abbaa Gadaa, barattoota Oromoo walitti gurmeessun dhaaba "Waldaa Barattoota Oromoo" jedhamu hundeesse. Jaarran karaa dhaaba barattootaa kanaatin, ijoollen Oromoo wal akka baran, hacuuccaa ummata Oromoorratti hojjatamu akka hubatan, afaansaanii fi aadaasaanii akka guddisan dadammaqasaa ture. Namoota yeroo sana dhaaba kana keessa turan keessa pirofeesar Mahaammad Hasan, Xahaa Alii Abdii, Jamaal Alii Abdii faadha. Dhaabni kunis jajjabaatee, bara 1961tti mana siinimaa Hararitti, agarsiisa aadaa Oromoo geggeesse. Barumsa sadarkaa lammaffaa akkuma xumureen, Akkaadaamii Barumsa Waraanaa Harar galee barachuu jalqabe. Yeroo gabaabaa booda, bulchiinsi akkaadaamichaa, amantiisaa akka hinshaakalle waan dhorkeef, bakka bilisaan jiraachuu ta'usaa waan hubateef, barumsa addaan kutee ba'e. Section::::Qabsoo Hidhanoo. Bara 1966 qabsaawota Baalee kan gabrummaa hadhooftuu lolanitti makamuuf loltoota 12 fudhatee gara Baalee deeme. Baaleettis Fincila Jeneraal Waaqoo Guutuutiin hogganamu sanitti galee qabsoo jalqabe. Fincila Baalerrattis lola gurguddaa hedduu keessatti hirmaateera.
Akkuma mootummaan Fincila Baalee too'annoo jala oolcheen, Jaarraan leenjii fi meeshaa waraanaa gahaa qabaachuun murteessaa ta'uu Isaa waan hubateef achumaan gara Somaaliyaa deeme. Mootummaan Sumaalee qabsoo Baaletiif gargaarsa gochaa ture, haaluma kanaan Jaarraas simatan. Boodarra garuu, bara 1969 Mootummaan Ziyaad Baarree kan Somaaliyaa maqaa Oromootin qabsoo hayyamu dide. Ziyaad Baarreen Oromoonni maqaa Somaaleetiin yoo qabsaa'an malee gargaarsa akka hinarganne ibsan. Akka Ziyaad Baarree jedhutti Harargee, Arsii, Baale fi Sidaamoon Somaaleedha, Oromoo miti. Kanaaf Maqaa Somaaleetiin malee gargaarsa takka qabsoo biraatiif hingodhan. Jaarraan Abbaa Gadaa yeroo kana gara biyya Arabaatii gargaarsa barbaacha Yaman deeme. Bara 1970 Yaman Kibbaa magaala Eden gale. Yamanittis, Oromoota kan biroo kan Elemoo Qilxuu, Huseen Sura fi kkf walarguun waa'ee qabsoo Oromoo mari'atan; dhaaba Oromoof qabsaa'us hundeessuf murteessan. Mootummaa Yaman waliin marii kan godhe yoo ta'u mootummaan Yamanis gargaarsa gochuuf abdii kennaniif. Baruma sana keessa gara Iraaqis deemee qaamoota mootummaa waliin marii godheera. Huseen Suraa, Jaarraa Abbaa Gadaa, Elemoo Qilxuu fi hoggantoonni kan biroo Kaayiroo, Bagdaad fi Damaasqoo dhaquun marii geggeessan. Mootummaan Iraaqii fi Sooriyaa meeshaa waraanaa keennuufiif, Filisxeemonni Sooriyaa keessa jiran leenjii waraanaa kennuuf waadaa galan. Erga qophiin barbaachisu xumuramee booda, loltoonni 36 biyyatti deebi'anii qabsoo waraana kan eegalan leenjii waggaa tokkoo fudhatan. Maqaan loltoota kanaas Qeerroo Ganamaa jedhamaee moggaafame. Baruma kana Jaarraan Qeerroo Ganamaa hogganuudhaan meeshaa waraanaa fudhatee gara biyyaa qajeele. Qeerroo Ganamaa 36n hogganuudhaan Jaarraan doonii yaabbatanii Sumaaleetti wayita bu’an, waraanni Sumaalee isaan marsee isaan qabe.
Bara 1970tti Somaaliyaa keessatti mana hidhaa Mandheeraa jedhamutti waggaa shan hidhaan dabarsan. Waggaa shan hidhaa keessa turee achii ba'ee gara Moqaadishoo geeffame. Moqaadishotti Ziyaad Baarree ofumasaatii Jaarran Adda Bilisumma Sumaalee Dhihaa (maqaa Ingiliffaa Western Somale Liberation Front - WSLF beekkama) akka makamu gaafatan. Jaarran garuu kana fudhachuu dide. Bara 1975 hoggaa mana hidhaatii bahe qabsoon biyyatti galauu akka qabu waan amaneef gara biyyaa seenee qabsoo jalqabe. Sabboontonni Oromoo Finfinnee jiran, labsii dhaaba Oromoo haarawa hundeessuu, kan Elemoo Qilxuufaa bara 1973 Finfineetti jalqaban xumuruuf gara Finfinnee akka dhufu affeerranii Finfinnee deeme. Haa ta'u malee, sabboontonni Oromoo dhaaba Maarkisisti-Leeninistii Dargii wajjin dhaaburratti waan qabamaniif dhaaba Oromoo hundeessuu kanarratti xiyyeeffachuu waan hindanda'mneef gara biyyaatti deebi'e. Qawwee muraasaa fi rasaasaa Elemoon faa awwaalan fudhachuun Waraana Bilisummaa uumee qabsoo itti fufe. Goolii Diimaa Dargii namoonni hedduun baqatanis waraana kanatti makaman. Yeroo muraasa booda waldiddaan sababnii isaa ifa hinta'in waraana Jarraa Abbaa Gadaa fi qabsaawota Finfinneerraa dhufan gidduutti waan ummameef addaan ba'an. Waraanni lamaan addaan ba'us lamaanuu maqaa "Adda Bilisummaa Oromoo" jechuun waammama. Bara 1985, Jaaraa Abbaa Gadaa fi hiriyoonni isaanii waraana kan saanii Adda Islaamummaa Bilisummaa Oromoo (AIBO) jechuun moggaasan. AIBOn mootummaa ce'umsaa Itoophiyaa kan bara 1991 ijaarame keessatti hirmaatee ture. Bara 1992, mootummaa ce'umsaa keessaa ba'uun gara gaarren Harargeetti deebi'ee qabsoo itti fufe. Bara 2005, maqaa AIBO jedhu gara Adda Bilisummaa Dimookiraatawaa Oromiyaa jedhutti jijjiirani.
Bara 2005, maqaa AIBO jedhu gara Adda Bilisummaa Dimookiraatawaa Oromiyaa jedhutti jijjiirani. Section::::Du'uusaa. Jaarraa Abbaa Gadaa biyya Yaman magaalaa Sana'aatti dhukkubsatee, yaalamaa ture. Gaafa Bitootessa 4, 2013 du'aan darbe. Reeffi Jaarraa Abbaa Gadaa gaafa Bitootessa 7, 2013 gara biyyaa deebi'e. Gaafa Bitootessa 8, 2013, reeffisaa magaalaa Wataritti awwaallame. Jaarraan qabsoo Oromoo keessatti gumaacha godheen yoomiyyuu yaadatamaa jiraata. Artistoonni hedduunis kabaja Jaarraaf qabaniif irraa ka'uun sirboota hedduu baasanii sirbaniiru.
Oduu situdent oromo An gaadiisa raagaa naajadhan baqataa oromotti bahaa afrikaa keesaa kan jiru
Bara 2013, he was suicide in Seoul.
Kirgistaan Kirgistaan biyya odolaarraa hundoofte kan Eshiyaa bahaatti argamtu.
Tarkii Tarkii, biyya odolaarraa hundoofte kan Yuurooppi fi Eshiyaa bahaatti argamtu.
Kooriyaa Kibbaa Kooriyaa Kibbaa biyya odolaarraa hundoofte kan Eshiyaa bahaatti argamtu.
Afgaanistaan Afgaanistaan biyya odolaarraa hundoofte kan Eshiyaa bahaatti argamtu.
Maleeshiyaa Maleeshiyaa biyya odolaarraa hundoofte kan Eshiyaa bahaatti argamtu.
Laa'os Laa'os biyya odolaarraa hundoofte kan Eshiyaa bahaatti argamtu.
Beeljiyeem Beeljiyeem biyya Yuurooppi keessa jirtu.
Moldoovaa Moldoovaa biyya Yuurooppi keessa jirtu.
Jarmanii Jarmanii biyya Yuurooppi keessa jirtu.
Nyaanni akka marqaa, ittoo fi qorii Oromiyaa maratti beekkamus, kan naannoo garii qofa keessa beekkamus jira.
Ogbarruu Ogbarruun (og-barruu) hojii kalaqa ilma namaa dhugaa hawaasa keessa jiru bu’ureeffachuun akkaataa miidhagina qabuun haala aartiin kan dhiyaatuudha. Section::::Hiikkaa ogbarruu. Ogbarruun afoolaas ta'e, barreeffama amaloota nama bashannansiisuu, barsiisuu, kakaasuu, koofalchiisuu, qirqiirsuu, gaddisiisuu, gammachiisuu, amansiisuufi kkf of-keessaa qabuudha. Akka Zarihuun jedhutti, ogbarruun waan barreeffame mara qofa osoo hin taane kan afaaniin darban afoola kanneen akka walaloo fa’aa ni dabalata. Ogbarruu ilaalchisuun Asaffaan akka lafa kaa’eetti, safuu fi falaasama hawaasummaan kan itti dhiyaatuudha. Hojii kalaqaa kamiyyuu keessatti yoo dhimma hojii sanaa isa gooroo hin ta’iin , dhimmi rakkina safuu osoo hin ka’iin hin hafu. Hayyoota garaagaraan jechi Afaan Ingiliish jedhu Afaan Oromootin ogbarruu jedhamee hiikame. Haata’u malee jechi ogbarruu ogummaa barreeffamaa ta'uu bu'uureffachuun, barreeffama qofaaf kan jedhani mormanis jiru. Section::::Ogbarruu Oromo. Ummanni Oromoo ogbarruu ofii qaba. Ogbarruu fayyadamuun haala jiruu fi jireenya isaa ibsata. Ogbarruun Oromoo yeroo gara yerootti suutan dagaagaa kan dhufeedha. Haala guddinaafi dagaagina ogbarruu Oromoo keessatti, dhiibbaa mootummoonni darban biyya keenya bulchaa turan irraan ga'an irraa kan ka'e afaanichi carraa afaan hojii, afaan barnootaa, afaan sab-qunnamtii, afaan qorannoofi qo'annoo akkasumas carraa afaan barreeffamaa ta'uu sadarkaa eegameen argachaa turu dhabuun qancaruu danda'e. Qorannaan ogbarruu jala bu’ee fayidummaa isaanii fi dadhabinna isanii saaxilee kallattii ifaa ta’e akeekus baay’ee xiqqaadha.
Qorannaan ogbarruu jala bu’ee fayidummaa isaanii fi dadhabinna isanii saaxilee kallattii ifaa ta’e akeekus baay’ee xiqqaadha. Fakkeennaaf sadarkaa digirii sadeessootti, ogbarruu Oromoo irratti qorannaan hojjataman keessa kan Dr. Addisuu Toleessaa geerarsa Oromoo irratti hojjatan, kan Dr. Taaddesee Jaalataa afoolaa fi tapha ijoolle Oromoo Gujii irratti hojjatan, kan Dr. Asafaa Teferraa ogwolaloo diddaa Oromoo Salaalee irratti hojjatan fi biyya keessa Yuunivarsitoota Finfinne (Dr. Xilahuun Taliilaa, Dr. Teshoomee Egeree, Dr. Destaa Dessalenyii) fi Yuunivarsiti Jimmaa kan eeramaniidha.
Gumii Waaqeffattoota Addunyaa Gumii Waaqeffattoota Addunyaa (GWA) garee amantii Waaqeffannaa yoo ta'u kan dhaabbates bara 2008 biyya Noorweyiti; dhaaba kan kan dhaabe baqattoota Oromoo biyya Nooweyi jiraatani. Dhaabbachuun GWA beekkumsaa fi ogummaa Waaqeffannaa keessa jiru addunyaattii beeksiisuu fi furmaataa hafuuraa, dhuunfaa, fi hawaasummaa addunyaaf akka kennuufi ochuu fi. Ummanni Oromoo, kan waggaa dheeraa dura waaqa akka uumaa hundaa fi ajajaa hundaa ta'uu isaa bare, ummata Aafrikaa keessatti qofa odoo hin taane ummata addunyaa biratti amantii Waaqa tokkotti amanuu (monotheism) kan jalqaban keessaa tokko. The Oromo people, who had long ago recognized Waaqaa as the only Supreme Reality, the Creator of everything, could be one among the earliest peoples not only in Africa but also in the world, to develop the doctrine of monotheism. Thenceforth, Waaqeffannaa as a religion, as a religious thought, and as a religious practice of the Gadaa-organized Oromo people, sprung out of the Oromo concept of Waaqaa. As a public affair, Waaqeffannaa is manifested by Oromummaa-being Oromo as part of the cultural domain of the Gadaa Oromo Society. Since the emergence of Waaqeffannaa as a public religious affair, the Waaqeffattootaa have been organizing Irreechaa, “Thanksgiving Ceremony”, near a body of water (lake, spring, crater, or stream) or at the Galma of the Qaalluu-spritual hut which resembles church or mosque, every year. The ceremony is conducted by offering thanks and greeneries to Waaqaa, Who helped them, pass through the ‘dark’ rainy winter season to the bright sunny season, which begins to shine in the month of Fulbaanaa, September, the time crops and plants are furnishing colourful flowers. In spite of problems confronting the Oromos in course of their history, interaction with other peoples, voluntary or involuntary conversion to the ´written´ religions of the Muslim and Christian worlds, Waaqeffannaa continues to offer pertinent answers to its adherents. Waaqeffannaa has made remarkable contributions in conflict resolutions, in making peace, in maintaining social harmony, in defending the Gadaa-based moral qualities of the Oromo families, in shaping the behavioral system of the Oromos (from blessing ceremonials to etiquette of socializing), and in bestowing socially meaningful names upon the newly born Oromo children.
Therefore, the establishment of the Group of Waaqeffannaa Assembly- GWA is to serve the true Waaqeffannaa religion based on the Will and the Laws of Waaqeffannaa knowledge and wisdom, moral judgments and human compassion by respecting and deeply exploring the values of the indigenous religions, cultures and ethic for the religions of the indigenous peoples of African origin to satisfy their needs. GWA has also an objective of promoting the teachings of Waaqeffannaa creeds, based on the Rules and the Principles of Waaqeffannaa, the Right Path to Gaarummaa, and the Avenue of Peace to the rest of the world. Thus, the rationale behind the establishment of GWA by taking into account the beneficial role of an indigenous religion is to re-cultivate and promote the positive roles of Waaqeffannaa and Gadaa in protecting Namummaa (Humanity) throughout the world. Section::::Mul’ata GWA. Mul’annoon Gumii Waaqeffattoota Addunyaa amantiin Waaqeffannaa golgaa keessaa bahee, dagaagee, babal’atu arguudha. Waaqeffannaa takaallaa irra ture keessaa baasee dagaagsuu fi babal’isuufis Gumiin Waaqeffattoota Addunyaa waan danda’u mara ni hojjata. Section::::Mission. The primary mission of the GWA is the realization of Waaqeffannaa religion for the betterment of Namummaa (humanity), moral judgments and human compassion based on the Rules and the Principles of Waaqeffannaa, the Right Path to Gaarummaa-being kind, and the Avenue of Peace to attain modesty, honesty, happiness, and Peace by respecting and deeply exploring the values of the indigenous religions. Section::::Principles. Waaqeffannaa promotes and cultivates the Will of Waaqaa for the betterment of human being. It is also based on the Rules and the Principles of Waaqeffannaa, the Right Path to Gaarummaa, and the Avenue of Peace to attain Gaarummaa, happiness, and Peace. According to Waaqeffannaa principle, a cheeky person of sneaky behavior, a counterfeiter, and a renegade, a socially inconsiderate, selfish and deceptive person is understood as existing against the Law of Waaqaa. Hence, Waaqeffannaa refrains from approving a ‘certificate of integration’ into the religious life of Gadaa Oromoo Families.
Hence, Waaqeffannaa refrains from approving a ‘certificate of integration’ into the religious life of Gadaa Oromoo Families. No one can ever trust such person as a faithful citizen of the Republic of Gadaa Oromoland . Waaqeffannaa rather adheres to teaching human compassion, conformity to facts of truth, respect to the Law of Waaqaa, honesty to the legitimacy of social taboos, fairness to individual and public opinions, care for strangers, and hospitality to foreigners. Waaqeffannaa teaches its followers to abhor practices like persecution, ostracizing and segregation of man by man because of differences in faith, language, ethnicity, hair texture, physical character, skin colour, height or weight. Waaqeffannaa always advocates honesty, modesty, truth, purity and humanity as inherent qualities of the Gadaa-based Oromo Society, which can lead them to successful achievement for the endeavors they are constantly undertaking. Waaqeffannaa teaches the abhorrence of the root causes that emit cataclysmic social disorders and defile the established social norms with which the Oromos have been living in the longest period of their history, when they stood in the light of Seera Waaqaa and Safuu. Section::::Core Values. As GWA is established to promote and cultivate these Waaqeffannaa Rules and Principles, its guiding values and principles’ are also emanates from and based on the Holy messages, the everlasting Laws and Principles of Waaqaa. More specifically, the values of the Group of Waaqeffannaa Assembly are: These and other messages of Waaqaa are believed to have been delivered through the mouth of the first Qaalluu, who had been anointing Waaqeffattootaa pilgrims from all over Gadaa Oromoland at Odaa Mormor and Haroo Walaabuu before colonization. The message has become a self-assertive declaration in rejecting any form of internally assumed dictators and the colonial rules and rulers. Section::::Kaayyooo. The Group of Waaqeffannaa Assembly is a religious organization dealing with the Waaqeffannaa affairs. The Objectives of GWA are: Section::::Aims. GWA aims to achieve the following:
Xin-bidoolee Ikkooloojiin (jecha Giriik: "οἶκος", "mana"; -"λογία", "qorannoo") qorannoo walitti dhufeenya lubbu-qabeeyyii fi naannoo isaaniiti, kunis walitti dhufeenya lubbu-qabeeyyiin waliin wajjin qabanii fi fi naannoo isaanii wajjin qaban qorata.
Maddootni seenaa kunis madda seenaa tokkoffaa fi madda seenaa lammaffaa jedhama.
Ballatee yoo hiikamu, fiiziksiin qorannoo uumamaa ti, kan haala yuunivarsii baruuf qoratamu.
Eritraan afaan biyyaffi murteeffame hin qabdu, haa ta'u malee biyya keessatti afaani gosa sadiin hojjattu; kunis Tigriffa, Arabiffa fi Ixaaliyaaniffa dha.
Sa’o Toomee fi Piriinsippee Sa’o Toomee fi Piriinsippee biyya Afrikaa keessa jirtu.
President : Emmerson Mnangagwa
Bakka dhiha baha irra eegalee hanga bahaatti tuutni kun:
Judaayizimii Judaayizimiin amantii, falaasamaa fi akkaataa jireenyaa warra Yihudootaa ti.
Muhaamamadii immo waan waaqni itii himee ergaa san ummataaf daabarsuu Irrattii hundaa'a.
Qellami wallagaa kan argamtu naanno oromiyaatidhaa
Kolombiyaa Kolombiyaa biyya Ameerikaa Kibbaa keessa jirtu.
Magaalaa guddoon naannoo kanaa magaalaa reefu ijaarramte Samaraa dha.
Mitteenii Mitteeniin kampaawondii keemikaalaa yoo ta'u foormulaan keemikaalaa isaa CH (atamii kaarbonii tokkoo fi atamii hayidiroojinii afur). Mitteeniin alkeenii salphaa dha; qabiyyeen gaazii uummmaa inni guddaan mitteeni dha. Mitteeniin wantoota biraa wajjin yoo wal bira qabamu baayyinaan waan jiruuf akka boba'aatti itti fayyadamuuf ni danda'ama; garuu gaazii waan ta'eef, mitteenii walitti qabuuni fi kuusun baayyee rakkisaa dha. Uummamaan, mitteeniin lafa jalatti argama, akkasumas lafa garba jalatti argamu keessatti ni argama. Mitteenin garba jalatti argamu karaa adda addaatin achii ba'ee qilleensatti makama, kunimmoo mitteenii qilleensaa jedhamee beekkama. Section::::Seenaa. Ji'a Sadaasa 1776, Mitteenin karaa saayinsiitin fiizisistii biyyaa Xaaliyaanii Alesaandiroo Vooltatiin haroo Maggiorestraddling kan Xaaliyaanii keessa jiruurratti fi biyya Siwiizerlaanditti argame. Alesaandiroo Vooltaan akka mitteenii barbaaduuf kan isa kakaase barreeffama Benjamin Franklinabout barreesse kan "qilleensa boba'uu" jedhu dubbisuusaa ture. Vooltaan gaazii caffee keessaa ba'u waraabe, bara 1778ttis gaazii kana gaazii kaanirraa addaan baasee kobaasaatti qulqulluusaa argate. Vooltaan mala ittiin qaanqee elektirikiitti (electric spark) fayyadamuun gaaziin kun akka ibidda qabatu godhanis agarsiise. Section::::Amalootaa fi Boondii Uumuu. Miteenin molokiyuulii teetiraahedraal kan boondii C-H wal qixxee ta'an afur qabu dha. Tempireechara daree fi dhiibbaa beekkamaa keessatti, mitteenin gaazii bifaa fi foolii hin qabne. Foolin gaazii uummamaa kan manatti yeroo itti fayyadamnu beeknu sun beekadhuma of eeggannoof jecha foolii akka godhatuuf wanti foolii uumu waan itti dabameefi, kunis yeroo baayyee makaa tert-butylthiol of keessa qabu dha.
Mitteenin, dhiibbaa atimosfeerii tokko irratti, qaphxii danfinaa −161°C (−257.8 °F) qaba. Akkuma gaazii ta'ee jirutti, mitteenin baayina ballaa ta'e (4.4-17%) keessatti boba'uu jalqaba. Section::::Ri'aakshinii Keemikaalaa. Ri'aakshinii gurguddaan kan mitteenii wajjin godhamu: boba'uu, hurka uumuu (steam reforming to syngas), fi halojineeshinii dha. Walumaa galatti, ri'aakshinii mitteenii too'achuun ulfaataa dha. Fakkeenyaaf, oksideeshiiniin gartokkee gara metanoolitti godhamu, baayyee ulfaataa dha sababiinsaas ri'aakshiniin kun dhaabbachuu didee hanga kaarbon daayi'oksaayidii fi bishaan uummamutti ittuma fufa, oduma ooksijiinii ga'aan hin jiraatiniyyuu. Inzaayimiin mitteen monoo'oksaayijeneesi mitteeniirraa metanoolii uumuu danda'a, garuu sadarkaa industiriitti itti fayyadamuun hin danda'amu. Section::::Ri'aakshinii Asiid-Beezii. Akkuma hayidirookaarbonoota kan biraa, mitteeniin asidii laafaa dha. pKan mitteenii DMSO keessatti naannoo 56tti tilmaamama. Bulbula keessatti, pirootoonii akka gadi lakkisu gochuun hin danda'amu, garuu konjigeet beezin (conjugate base) kan mittaaliitiyeem beekkamaa dha. Ayonoota poozetiivii ta'an kan mitteenirraa uummaman gosa baayyetu argame, baayyinaan wal-makaa gaazii dhiibbaa-xiqqaa qabu keessatti akka waan hin suukanoofnetti argamu. Kunis mitteeniyeem ykn metaayil kaatayon CH, kaatayoonii mitteenii CH, fi mitteeniyeem ykn mitteenii pirootonaawaa CH dabalata. Ayoonoota kana keessaa muraasni isaanii ispeesii keessatti argamaniiru.
Mitteeniyeemin akka bulbula laafaatti (diluted solution) mitteeniirraa asidoota suupperiitti fayyadamuun uumun ni danda'ama. Kaatayonoonni chaarjii guddaa qaban, kan akka CH2+6 fi CH3+7, tiyooridhaan qoratamanii suukana'aa ta'uun isaani tilmaamameera. Jabiina guddaa boondiin C-H oduma qabuuyyuu, si'eessituu aktiveeshinii boondii C-H (C-H bond activation) kan mitteenii (fi alkeenota xiqqaa kan biraa) irraatti fedhii guddaatu jira. Section::::Boba'uu. Oo'i yeroo mitteenin boba'u uummamu 55.5 MJ/kg. Boba'uun mitteenii ri'aakshinii tartiiba baayyee qabu dha. Iqu'eeshiniin armaan gadii tartiiba kana kan agarsiisan yoo ta'u bu'aansaanis kana: CH + 2 O → CO + 2 HO ("ΔH" = −891 kJ/mol (at standard conditions)) M qaama sadaffaa kan humna guddaa qabu bakka bu'u, qaama kanarraas humni yeroo walitti-bu'iinsa molokiyuulii darba. Foormaaldehaayidin (HCHO ykn HCO) bu'aa gara jalqaatti argamu (tartiiba 7). Ooksideeshiniin foormaaldehaayidinii raadikaalii formylii kenna (HCO; ri'aakshinii 8-10), kun itti aanee kaarbon mono'oksaayidii (CO) (ri'aakshinii 11, 12 fi 13) kenna. H uummamu kamiyyuu gara HO oksidaayizdi ta'a ykn bu'aa giddu galeessaa kenna (ri'aakshinii 14, 15). Dhumarratti, CO ooksidaayizidi ta'ee CO uuma (ri'aakshinii 16). Marsaa dhumaarratti (ri'aakshinii 17-19), humni deebi'ee gara qaama sadaffaatti darba. Saffisni guutuu ri'aakshinii kanaa baayyina (concentration) wantoota barbaachiisan adda addaa yeroo mitteenin boba'uu jiran irratti hundaa'a.
Saffisni guutuu ri'aakshinii kanaa baayyina (concentration) wantoota barbaachiisan adda addaa yeroo mitteenin boba'uu jiran irratti hundaa'a. Yoo tempireecharri dabale, baayyinni raadikaalotaa ni dabala, boba'iinsis ni ariifata. Section::::Ri'aakshinii Haloojinoota Wajjin. Mitteenin yoo haalli hundi mijateef haloojinoota wajjin akka armaan gadiitti wal nyaata: Methane reacts with halogens given appropriate conditions as follows: Xn halloojinii: filoorinii (F), kiloorinii (Cl), biroominii (Br), or ayoodinii (I).
Honduraas Honduraas biyya Ameerikaa Giddu Galeessaa keessa jirtu.
Gu'aatimaalaa Gu'aatimaalaan biyya Ameerikaa Giddu Galeessaa keessa jirtu.
Jaldu (magaala) Magaalaan Jalduu iddoo teessuma bulchiinsa aanaa Jalduu ti.
Bunni aanaa kana keessatti mallaqa argamsiisuuf (cash crop) kan oomishamu yoo ta'u garuu lafa 20 km2 hin caalle irratti qofa dhaabbamee argama.
Laga Dhedheessaa Lagni Dhedheessaa laga dhiha Itoophiyaa keessatti argamu. Dhedheessi galtuu Laga Abbaayi yoo ta'u kan inni ka'us gaarren Gommaa irraayi. Achii erga ka'ee booda gara kaaba-dhihaatti yaa'un Laga Abbaayittii odoo inni bakka 9°57′Ka 35°41′Dtti gara kaabatti hin jallatin itti makama. Iddon kunis yeroo Lagni Abbaayi kallattii kibbaatti deemu ga'u fiixee kibbaati. Bishaan Laga Dhedheessaatti galu ballina lafaa 19,630 isquweer kiilomeetirii ta'urraa kan dhufu yoo ta'u kunis Godina Wallagga Bahaa fi Beeniishaangul-Gumuz keessa. Galtuuwwan Laga Dhedheessaa kan karaa mirgaa Inaariyaa, Aet, Waamaa fi Angari; karaa bitaa ammoo galtuu inni guddaan Laga Dobanati. Bara 1890n keessa laga Dhedheessaa qorachaa kan ture Aleeksaander Bulaatooviichi, qorannoo isaafi gaaffiif deebii ummata naannoo wajjin godherra ka'uun, ya'aasaa gara gadiitti erga Angariin walitti dabalamee booda, Lagni Dhedheessaa suuta waan yaa'uuf geejjibaaf ooluu danda'ama jedhe. Section::::Seenaa Namoota fi Lagichaa. Abuuraa jaarraa-20ffaa gara jalqabaa kan ta'e Herbert Weld Blundell maqaan Dhedheessa jedhu maqaa laga kanaa kan duraanii kan bakka bu'e ta'uu hinhafu jedhee dubbata, kunis maqaa Dhedheessa jedhu kana bara 1861, yeroo d'Abbadie gara Shawaatti imalee qorannoo godheen dura faayidaarra oolee hinargamne waan ta'eefi. Yeroo bara 1905ttii dhaqee turetti, Bosonni Handak kan Laga Dhedheessaarra karaa mirgaa jiru, iddoo arba itti adamsan beekkamaa ture. Arbi, Laga Dhedheessaa fi Laga Dabbus hordofuun gara Laga Abbaayitti dhufu fakkaata, kan Laga Dabus leemmani waan keessatti marguuf sanaa barbaacha lagicha hordofanii deemudhaan.
Itti aansees, bakka Lagni Dhedheessaa Laga Abayitti dabalamutti, "hojii warqii miccuu guddaan jira, kunis Laga Abbaayi, Dabbusii fi galtuuwwansaa hordofee ittuma fufa" jedhe: Dhiqama lolaa guddaa kan dhagaa baazaaltiirra ga'uu fi tortoruun biqiltootaa sana booda dhufu, istiraataa jala jiru gubbaatti ol baasa; kaanafis, biyyi guutuun Chochii jalaa kaasee hanga Laga Dhedheessaatti, fageenya maayilii 15 ta'u, cirracha quwaartizii fi qarsaadhan uwwifama, akkasumas dhagaa gurguddaa ol dhaabbatutu mul'ata. Qaawwan tortore lafarratti faffaca'ee argama, warqiin inni qabatee jirus dhiqamee lagatti nama, achii hooffamee gara Laga Abbaayi dhaqa Abuurtonni kun yaalii godhaniyyuu, akkasumas namoonni naannoo laga kanaa erga sanyiin namaa uummamee kaasee achi jiraataniyyuu, karaan Lagni Dhedheessaa deemu kan naannoo Naqamteetii kasee amma inni Laga Abbaayitti dabalamutti jiru kun as dhihoo bara 1935 Dunlop fi Taylorin guutummaan deemmame. Jarri kun lamaan yoo gaafatan, Dajjaazmaach Habta Maariyaam bulchaan Naqamte jiru "Namuu, warra Shaanqillaayyuu dabalatee, amma ani beekutti, laga kana amma inni Abbaayitti dabalamutti hordofee kan arge hin jiru" jedhe "Waggaa keessatti yeroo muraasa [Dajjaazmaach itti fufee yoo dubbatu], Shaanqillaa muraasni ooyiruu jirbii muraasa kan ani hundeesse keessa nihojjatu, kunis riqicha Dhedheessaarraa gara kaabaatti maayilii 15 fagaatee argama; garuu karaadhumti gabaabaan kun, akka jecha isaatti, "biyya qamalee fi jaldeessaf qofa mijatu". Gufuu guddaa nu mudatu cimsee yoo dubbatu: leemmana yabbuu, bosona, dhibee qaama oo'isu, fi harkasaa ol kaasudhaan gaarreen hamaa naanoo laga kanaa jiru agarsiise.
Gufuu guddaa nu mudatu cimsee yoo dubbatu: leemmana yabbuu, bosona, dhibee qaama oo'isu, fi harkasaa ol kaasudhaan gaarreen hamaa naanoo laga kanaa jiru agarsiise. Yaada biraa yoo kennu, yoo bakka itti Lagni Dhedheessaa fi Lagni Abbayi walitti makaman ilaaluu barbaaddan, Naqamterraa karaa hordofuun gara Najjoo deemudhaan, achii ammas karaa duraan jiru hordofuun gara sana deemun ni dandeessu".
Magaalaan teessuma bulchiinsa aanaa kanaa Shaambuu jedhamti.
Mootummaan sadarka isarra xiqqaa murna jedhamutti addaan qoodama.
Oordariin sadarkaa kana keessatti, gitaa gaditti kan argamu yoo ta'u warra dursee dhufa.
Dhibbee vaayiirasii Iboollaa dhibee vaayiirasii Iboolaa (EVD) yookiin ho'aa Iboolaa Hemmoorihajjikii (EHF) dhibbee ilma namaa Vaayirasii Iboolaa dhaan dhufuu dha . Mallattoon dhukkibichaa kan mul'aachuu jalqabu guyyaa lama hanga torbaan sadii (3) erga vaayiirasichaan qabamanii booda dha. Mallattoon isaas Hoo'a qaamaa, dhukkuba qoonqoo, dhukkuba lafee, fi dhukkuba mataa dha. Irra caalaatti immoo dhukkuba garaa, hooqissa fi garaa kaasaa dabalataanis, hojji tiruu fi kalee hir'isa. Yeroo kana, nammoonni tokko tokko rakkina dhiigguu qabbaatu. Vaayiirasiichi kan nama qabattuu wallitti dhuufeenya dhiigaa yookiin dhangalaa'aa qaamaa bineensoota Vaayirasiichaan qabaman dha (yeroo baay'ee qamaleewaan yookiin simbira halkannitini. Manca'insii qillenssaan umamuu nannoo umammaa kessatti hin galmoofnee. Siinbiiriii haalkanni otto hindhibamiin vaayiirasichaa baachuufi dabarsu akka danda'aan ni amanama. Namni dhukkubichaan qabamee, nama birratii darbarsuu danda'aa. Dhirri dhukubicha irra fayye sanyii issatin hanga ji'aa lamatti nama biraati dabarsuu danda'aa. Dhuukubicha adda baasuf,dhukkubooni mallatoo walfakaatuu qabaan kan akka Buussaa, kooleraa fi kanbirraa ho'aa vaayiirasi Hemmoorihajjikin adda bahaaniruu. Dhuukubicha mirkaneesuuf fakeenyii dhigaa qaamoota alagaa vaayirasiidhaan dhufan Riboo Nukilik Asiidii, yookkin vaayiirassin mattaa isaa ni qooratama. Of eganoon dadarba dhuukibichaa, qamaleewan fi boyyeewan dhiibaman irra akka ilma namaati hindarbinnee ittisu dabala. Kuunis kan goodhamuu danda'uu, bineyyi dhiibichaan qabamaan ajeesuufi qaama issani akkataan gatuu dhaanii.
Kuunis kan goodhamuu danda'uu, bineyyi dhiibichaan qabamaan ajeesuufi qaama issani akkataan gatuu dhaanii. Foon siiritii bisheesuu fi yeroo foon tuqaan uffata oof eeganoo kaawwachuunis nigargaara. Yemmuu nama dhibamee wajjin jiran, uffata oof eeganoo kaawwachuni fi harka dhiqaachuun barbaachisaa dha. Fakeenyii dhangala'aa qaamaa fi tishuulee nama dhiibamee oof eganoo gudadhaan qabamuu qabu. Dhuukuubichaaf yaaliin kana jedhamuu hinjiru;tattaafin namoota dhibaman gargaaruf godhamaa jirran walaansaa dhangala'aa qaamaa deebisuu (bishaan dhugaati ashaboo fi suukaara xiinno qabuu)yookkiin dhangalaa'aa veenii dhaan keennu dha. Dhuukuubichii yerro bay'ee nama ajjesa: namoota dhibichaan qabamaan keesaa baay'iinaan gidduu 50% fi 90% ni du'uu. EVD n yerroo duurraa Suuddaan fi Dimookraatikii Repablikki Kongoo kessati adda baafame. Tatamsa'iini dhuukuubbichaa bay'iinaan kan uumamuu naanoole oo'aa Biyyoota Afrikkaa Saharaa Gadi dha. 1976 irraa jalqabee( Yerroo duura argamee) hamma 2013, nammoota 1,000 gadii qabamaniiruu. Tatamsa'iinii inni guuddaan yerroo aammaa argamu 2014 Afrikkaa dhiihaa weerara Iboollaa, kan huubbaa jirruu Giinii, Seerraaliiyoonnii, Laayiibeeriyyaa fi Naayiijeerriyyaa kessatis umamu danda'aa. Haagayya 2014 irra jalqabee dhibamtoonii 1600 argamaniirruu. Yaalliwaan talaali; argachuuf godhamaa jirran illee; haama ammaati hoomtuu hin argamnnee.
Jawaar Mahaammad Jawaar Mahaammad qabsaawaa mirgaa fi xinxalaa siyaasaati. Jawaar yaada "Ani jalqaba Oromoo dha" ykn " yaada jedhu uumuun, ummata Oromoo naannoo biyya ambaa jiraatan baayyee kakaasuu fi sabboonummaa isaanii cimsuun fudhatama guddaa argate. Akkasumas, Jawaar gaaffiin mirgaa ummata Oromoo deebii akka argatu qeerroo hundeessee qabsaawuu bira darbe ummata Itoophiyaa cunqurfamaniif sagalee ta'uun beekkama. Section::::Seenaa. Jawaar Mahaammad kan dhalatee caamsaa 12, 1986 oromiyaa godina harargee iddoo Dhummuuga jedhamu keessatti. Abbaan Jawaar baddaa Arsiirraa ka'anii gara gammoojjii daangaa Harargee jirutti kan godaanan yoo ta'u maatin haadhasaa ammoo gara Abbichuurraa bara Hayilsasillaasee keessa lafasaanirraa ari'atamanii gara sanatti kan godaanan turan. Kanaaf Jawaar karaa abbaasaa Arsiirraa kan dhalate yoo ta'u, karaa haadhasaa ammoo Tuulamarraa kan dhalate. Haatisaa amantii Ortodoksiirraa kan dhufte yoo ta'u, abbaansaa ammoo amantii Islaamarraa kan dhufe ture. Gama soddaatin Jawaar wallaggaa fi Guji dha. Jawaar barnootasaa sadarkaa 1ffa magaalaa Asallaa mana barnoota kaatolik barate. Barnoota sadarkaa 2ffa Adaamaatti kan barate yoo ta'u. Bara 2003 carraa iskoolaarshiippii biyya alaa argateen gara Singaappoor deeme achitti barnootasaa itti fufe. Achumaan itti fufuun gara Ameerikaa deemee Kaalifoorniyaa keessatti Yuunivarsiitii Istaanfoorditti barate; kunis iskoolaarshiippidhaan ture. Jawaar hawwiinsaa ijoollummaa fiziksi barachuu yoo ta'eyyu guyyaa keessa fedhiinsaa jijjiiramaa deemee. Bara 2009 Istaanfoorditti saayinsii siyaasaan (political science) eebbifame. Yunivarsiti kolombiyaa irra digrii 2ffaan 2013tti ebbifame.
Yunivarsiti kolombiyaa irra digrii 2ffaan 2013tti ebbifame.
Tiraanzisterii Tiraanzisteriin meeshaa semiikondaakterii asattoo fi humna elektirkii guddisuu fi dabarsuu/dhorkuu too'achuuf tajaajilu dha. Tiraanzisteriin meeshaa semiikondaakterii irraa kan hojjatame yoo ta'u yoo xiqqaate tarminaalii sadi'i kan sarkiyuutii alaatti ittiin qabachuuf gargaaru qaba. Voolteejiin ykn karantiin tarminaalii tiraanzisterii cimdii tokkotti kenname, yaa'a karantii tarminaalii cimdii kan biraa gidduu jiruun ni jijjiirama. Humni too'atmaan (baha tiraanzisterii) humna too'atu (naqa tiraanzisterii) caaluu waan danda'uuf, tiraanzisteriin asattoo guddisuu danda'a. Yeroo ammaa, tiraanzisteroonni muraasni kobaa qarqabamu, garuu baayyen isaanii integireetid sarkiyuutii keessatti hammatamanii argamu. Tiraanzisteriin bu'uuraa meeshaalee elektirooniksii ammayyaa ti, akkasumas sirna elektiroonikii ammayyaa hunda keessatti argamu. Tiraanzisteriin bara 1947, fiizisistii USA Joon Bardiin, Waalter Biratayin, fi Wiiliyaam Shookileetin kalaqame; tiraanzisteriin seenaa elektironniksii guutumaan guutuutti jijjiire, raadiyoo, kaalkuleeterii, fi kompitara xixxiqqoo fi bushoo ta'an oomishuuf karaa bane. Tiraanzisteriin tarree IEEE tarkaanfii elektirooniksii keessa jira, akkasumas kalaqxoonni tiraanzisterii hojjatan Badhaasa Noobeli kan Fiiziksii kan bara 1956 argataniiru. Section::::Seenaa. Termooniik tiraayoodin, vaakiyuum tuubii bara 1907tti kalaqame, teknooloojii raadiyoo guddifamuu fi bilbila fageenya-dheera hojiirra oolchuu dandeessisuudhan bara elektirooniksii gara fuulduraatti tarkaanfachise. Garuu, tiraayoodin meeshaa salphaatti cabuu fi humna baayyee nyaatudha. Fiizisistii Yuuliyus Edgaar Lili'enfeldi paatentii fiildi-iffekti-tiraanzisterii (FET) Kanaadaatti bara 1925 fudhate, kunis meeshaa falka-jajjaboo tiraayoodii akka bakka akka bu'uuf yaaddame ture.
Lili'enfeldi paatentii sanuma fakkaatu USA keessatti bara 1926 fi 1928 fudhate. Garuu, Lili'enfeldi barruu qorannoo waa'ee meeshaasaa kana ibsu hin maxxansinee, akkasumas paatentiin isaa kanmaddaa hojjatu kan akka fakkeenyaatti hojjatame hn ibsu. Sababa oomishni meeshaa semiikondaakterii qulqullina-guddaa qabu waggaa kurnoota achi fagaatee jiruuf, oduma kanmaddaa hojjatameerayyuu ta'ee, yaadni ampilifaayerii falka-jajjaboo Lili'enfeldi bara 1920n fi 1930n keessa hojiirra oole tajaajiluuf hin rakkata ture. Bara 1934, kalaqaan lammii Jarmanii "Oskar Heil" meeshaadhuma kana fakkaatuuf paatentii fudhatee ture. Sadaasa 17, 1946 hanga Mudde 23, 1947tti, "Joon Baardiin" fi "Waalter Birateeyin" Laabii Beel kan AT&T kan USA kessa jiru keessatti, yaaliwwan hojjatan keessatti yeroo warqeen lama kiristaalii jermeniyeemiitti qabsiifaman, asattoo bahaa kan humnisa asattoo naqaa caalu uume. Hoogganaan Garee Fiiziksii Falka Jajjaboo (Solid State Physics Group) kan ta'e Wiiliyaam Shookileen faayidaa kuni gara fuulduraatti qabu arge, ji'oota itti aanan muraasa keessattis beekumsa semiikondaakterii sirriitti ballissuuf ciminaan hojjate. Jecha tiraanzisterii jedhu kan uume "John R. Pierce" yoo ta'u jechoota lama tiraansirezistaance ("transresistance") jedhurraa uume. Akka barreessitoonni seenaa dhuunfaa "Joon Baardiin" "Lillian Hoddeson" fi "Vicki Daitch" jedhanitti, Shookileen paatentiin Laabiin Beel tiraanzisterii irratti baasu kan jalqabaa fiildi-iffektii irratti akka hundaa'u fi Shookileen akka kalaqxuu kana argateetti akka galmaa'u barbaade. Paatentii Lili'enfeldi kan duraan dhokatee ture waan arganiif, abbootin seeraa Laabii Beel kuni akka hin taane gorsan, sababiinsaas yaadni tiraanzisterii fiildi-iffektii kan fiildii elektirikii akka tarsaatti fayyadamu haaraa hin turre.
Bakkasaa, kan "Bardeen, Brattain," fi Shookileen bara 1947 kalaqan tiraanzisterii pooyinti-kontaaktii kan jalqabaa ture. Milkii isaanii kanaaf beekkamtii kennuun," Bardeen, Brattain, fi Shookileen" Badhaasa Noobelii kan Fiiziksii kan bara 1956 waliin qooddatan, kunis "qorannoo semiikondaakterii irratti godhanii fi argannoo galtee tiraanzisteriitif" jedhameet kennameef. Bara 1948, tiraanzisteriin pooyinti-kontaaktii fiizisistoota Jarmanii Herbert Matiree fi Hayinriish Velkeen hojjatamee ture, kunis Compagnie des Freins et Signaux, damee Westiingihaawusi kanPaariskeessatti argamu, keessa wayita hojjatan ture. "Mataré "muuxannoo rektifaayerii kiristaalaa silkenii fi jermeniyemii irraa hojjachuu qaba ture, kunis yaalii raadaarii kan Jarmaniin yeroo Waraana Addunyaa II goote irraayi. Beekumsa kanatti fayyadamuun, waa'ee "interfiiraansii" bara 1947 qorachuu jalqabe. Karantii pooyinti-kontaaktii keessa yaa'u ilaaludhaan, akkuma Bardiin fi "Birateeyin" Mudde 1947 godhanitti, "Matire" Waxabajjii 1948tti jermeniyeemii "Velkee" hojjatetti fayyadamuun bu'aadhuma sana fakkaatu argate. Saayintistoonni Laabii Beel isaan dura akka kana hojjatan erga baranii booda, kampaanichi cimdaa bilbilaa Firaansi keessatti fayyadamuuf jecha "tiraanzitiroon" isaa gara oomishuu ariifachiisutti darbe. Tiraanzisteriin ammamtaa-guddaa qabu kan jalqabaa tiraanzisterii saarfees-baariyerii jermeniyemii kan "Philcon" bara 1953 hojjatamedha, kunis ammamtaa hanga 60 MHZ ta'uun hojjachuu danda'a. Tiraanzisteriin kun kan hojjatame jermeniyemii akaakuu-N keessatti karaa lachuu (gubbaa fi jalaan) indiyeem salfeetiitti fayyadamuun boolla uumuun ture, kunis hanga inni furdina inchii tokkoo qabaatutti.
Indiyeemin boollaa sana keessatti naqame akka funaantuu (collector) fi maddisiiftuutti (emmitter) tajaajila. Raadiyoon konkolaataa kan guutummaan tiraanzisterii fayyadamu, kan 1955 "Chrysler fi Philco" oomishame, sarkiyuutii isaa keessatti tiraanzisterii kana fayyadame. Tiraanzisteriin kun kompitara saffisa guddaa qabuufis mijataa ta'uun kan jalqabaa ti. Tiranzisteriin silkenii kan hojjatu kan jalqabaa Laabii Beelitti Amajjii 26, 1954tti "Mooris Taanenbaawum" hojjatame. Tiranzisteriin silkenii kan gurguraaf hojjatame kan jalqabaa Teeksaas Inistirumeentisiin bara 1954 hojjtame. Kunis hojii "Gordon Teal," kan kiristaala qulqullina olaanaa qabu hojjachuun ogummaa guddaa qabu fi kan duraan Laabii Beel keessatti hojjachaa turen hojjatame. Tiraanzisteriin MOS kan jalqabaa "Kahng fi Atalla" Laabii Beel keessatti bara 1960 hojjatame. Section::::Faayidaa. Tiraanzisteriin elektirooniksii ammayyaa hunda keessatti ruuqa ka'aa isa ijoodha. Namoonni baayyeen tiraanzisteriin kalaqa gurguddaa jaarraa 20ffaa keessaa isa tokko jedhanii amanu. Hawaasa ammayyaa keessatti, faayidaan tiraanzisterii adeemsa ofummaa'een (meeshaa semiikondaakterii oomishuu) baayyinaan oomishamuu danda'uusaa fi kunis gatii tiraanzisterii tokkoo baayyee gadi buusuu isaa irratti hundaa'a. Kalaqamuun tiraanzisterii jalqabaa kan Laabii Beel keessatti raawwatame tarkaanfii IEEE 2009 (IEEE milestones) keessatti tarreeffameera. Kaampaanii baayyeen tiraanzisterii kobaa qarqabaman kan biliyoonatti lakkaawwaman waggaa waggaadhaan yoo oomishaniyyuu, tiraanzisterii harki guddaan integireetid sarkiyuutii (yeroo baayyee gabaabfamee IC, maayikiroochiipsii ykn salphaadhumatti chiipsii kan jedhamu) keessatti qarqabamu, kunis daayoodii, rezisterii, kaappaasiterii fi ruuqolee elektiroonikii kaan wajjin walqabachuun elektirooniik sarkiyuutii guutuu uumu.
Loojiik geetin tiraanzisterii hanga naannoo digdamaa of keessaa qaba, maayikiroopirooseserii olaanaan, bara 2009tt, tiraanzisterii (MOSFET) hanga biliyoona 3 fayyadamuu danda'a. "Bara 2002tti, nama lafarra jiru tokkoo tokkoosaatiif, ijoollee, dhiira, dubartii odoo hin jedhin, tiraanzisterii miliyoona 60 hojaatame". Tiraanzisteriin gatiinsaa xiqqaa ta'uun, salphatti jijjiramuu danda'uunsaa, fi amansiisummaansaa meeshaa bakka hunda jiru isa taasise. Meeshaalee fi maashinii too'achuu keessatti, sarkiyuutin meekatiroonikii tiraanzisteriin of keessaa qaban, meeshaalee too'annaa elektiroomekaanikaalii bakka bu'aniiru. Yeroo baayyee tajaajila too'annaa argachuuf, meeshaa too'annaa makaanikaalii saxaxuurra maayikirookontiroolerii fayyadamuun sagantaa kompitaraa barreessutuu irra salphaa fi bushoodha. Section::::Akkaataa Hojii Salphaatti. Faayidaa guddaan tiraanzisterii kan dhufu asattoon xiqqoon tarminaalii garee tokko ta'an lamatti kennamte, asattoo guddaa tarminaalii garee tokko ta'an kan biraa gidduu yaa'u too'achuu danda'uu isaati. Amalli kun humna argachuu (gain) jedhama. Kun asattoo bahaa jabaa ta'e, voolteejii ykn karantii, kan asattoo naqaa dadhabaa wajjin wal fakkaatu garuu humna guddaa qabu uumuu danda'a; kana jechuunis, akka ampilifaayeriitti tajaajiluu danda'a. Karaa biraa ammoo, tiraanzisteriin akka iswiichii elektirikiin too'atamuuttii tajaajiluun karantii sarkiyuutii keessa yaa'u dabarsuu ykn dhorkuuf tajaajiluu danda'a, yeroo akkasii guddinni karantii ruuqolee sarkiyuutii kan biraatin murteeffama. Tiraanzisterii gosa lamatu jira, akkaatan isaan sarkiyuutii keessatti hojiirra oolanis xiqqoo garagara.
Baayipoolaar tiraanzisteriin tarminaalota bu'uura (base), funaantuu (collector), fi maddisiiftuu (emmitter) jedhaman qaba. Karantii xiqqoon karaa tarminaalii bu'uuraa dhufu (kunis, kan bu'uuraa fi maddisiiftuu gidduu yaa'u) karantii guddaa tarminaalii funaantuu fi maddisiiftuu gidduu yaa'u too'achuu ykn dabarsuu/dhorkuu danda'a. Tiraanzisterii fiildi iffektiirratti (FET), tarminaalonni karra (gate), burqaa (source), fi cobsituu (drain) jedhamu, voolteejin karaa karraa dhufu karantii burqaa fi cobsituu gidduu jiru too'ata. Suurrii karaa mirgaa jiru baayipoolaar tiraanzisterii sarkiyuutii keessa jiru agarsiisa. Karantii tarminaalii bu'uurarra jirurratti hundaa'ee, chaarjin maddisiiftuu fi funaantuu giduu yaa'a. Sababa keessa tiraanzisteriitti walqunnamtiin tarminaalii bu'uuraa fi maddisiistuu akka daayoodii semiikondaakteriitti hojjatuuf, hanga karantiin tarminaalii bu'uuraarra jirutti voolteejin bu'uuraa fi maddisiistuu giduu jiru gadi bu'a. Ammi gadi bu'iinsa voolteejii kun waan tiraanzisteriin sun irraa hojjatame irratti hundaa'a, V jedhames wammama. Section::::Tiraanzisteriin Akka Iswiichitti. Tiraanzisteriin yeroo baayyee akka iswiichii elektiroonikiitti tajaajila, kunis fayyadama humna-guddaa kan akka humna dhiyeessituu (power supply) fi fayyadama humna-xiqqaa kan akka loojik geetii keessatti ta'uu danda'a. Sarkiyuutiin tiraanzisterii kan burqisiiftuu-lafaa'ee keessati, fakkeenyaaf sarkiuutii iswiichii ifaa suurarratti mul'atu, akkuma voolteejiin bu'uuraa guddachaa deemen, karantiin maddisiiftuu fi funaantuu gidduu jiru garmalee guddachaa deema. Sababa ittisni funaantuu fi maddisiiftuu gidduu jiru hirratuuf, voolteejin funaantuu gad bu'a.
Yoo garaagarummaan voolteejii funaantuu fi maddisiiftuu gidduu jiru zeeroo (ykn naannoo zeeroo) ta'e, karantii funaantuu ittisa loodiitin (ampuulii ifu) fi voolteejii dhiyaaten qofa daangeffama. Kunis guuta jedhama sababinsaas karantiin maddisiiftuurraa gara funaantutti bilisumaadhan yaa'a. Yeroo guutaa kana, iswiichin sun "banaa" jedhama. Karantii bu'uuraaf ga'aa ta'e dhiyeessuun tiraanzisterii baayipoolaarii akka iswiichiitti fayyadamuu keessatti rakkoo ijoodha. Tiraanzisteriin karantii guddisuuf gargaara, karantii guddaa funaantuurra jiru karantii xiqqoo tarminaalii bu'urarra jiruun too'achuu dandeessisa. Reeshiyoon karantiiwwan kana lamaanii akaakuu tiraanzisterii irratti hundaa'ee gara gara, akaakudhuma tokkoofuu, karantii funaanturra jirurratti hundaa'ee gara gara. Sarkiyuutii ifaa akka fakkeenyatti kenname keessatti, rezisteriin karantii tarminaalii bu'uuraa ga'aa ta'e dhiyeessee akka tiraanzisteriin sun guutu godhutu filatame. Sarkiyuutii akka iswiichitti tajaajilu keessatti, gatiin voolteejii naqaa akka bahi guutammaan darbu ykn guutummaan hin darbine godhuuf filatama. Tiraanzisteriin akkasii akka iswiichiitti tajaajila, tajaajilli akkasii kun sarkiyuutii dijitaalaa, kan gatiin "banaa" ykn "dhaamaa" qofti barbaaddamu keessatti baayyee tajaajilarra oola. Section::::Tiraanzisteriin Akka Ampilifaayeriitti. The common-emitter amplifier is designed so that a small change in voltage ("V") changes the small current through the base of the transistor; the transistor's current amplification combined with the properties of the circuit mean that small swings in "V" produce large changes in "V". Various configurations of single transistor amplifier are possible, with some providing current gain, some voltage gain, and some both. From mobile phones to televisions, vast numbers of products include amplifiers for sound reproduction, radio transmission, and signal processing.
From mobile phones to televisions, vast numbers of products include amplifiers for sound reproduction, radio transmission, and signal processing. The first discrete-transistor audio amplifiers barely supplied a few hundred milliwatts, but power and audio fidelity gradually increased as better transistors became available and amplifier architecture evolved. Modern transistor audio amplifiers of up to a few hundred watts are common and relatively inexpensive. Section::::Wabii. 0911344941
Laga Awaash Lagni Awaash (yeroo tokko tokko Awaas ni jedhama) laga guddaa Itoophiyaa keessati argamu keessa tokko. Lagni kun guutumaan guututti Itoophiyaa keessatti kan hafu yoo ta'u dhumarratti haroowwan tarreedhan walqabatanii argmanitti namma, kunis Haroo Gargoriitin jalqabee Haroo Abbee (ykn Abe Bad) kan daangaa Jibuutitti argamuun xumurama, naannon haroo dhumaa kun galoo galaanaa Taajuraarraa 100 km fagaate argama. Yaa'an galtuu lagaa kanaa naannoo Oromiyaa, Amaaraa, Sumaalee, fi walakkaa Affaar gara kibbaa uwwisa. Section::::Ibsa. Lagni Awaash kibba Tulluu Warqeetii ka'a, kunis Finfinneerraa gara dhihaatti aanaa Dandii keessa, naannoo magaalaa Giincii, Shawaa Dhihaa, Oromiyaa keessa. Awaash jalqaba gara kibbaatti yaa'e erga Tulluu Cuqqaalaatti marsee booda gara bahaatti naanna'a, boodarraas gara kaabaatti naanna'uun Paarkii Biyyoolessaa Awaash keessa darba. Sana booda, karaa bitaa galtuusaa guddicha kan ta'e Lagni Garmaamaa (ykn Laga Kasam) Awaashitti makama, achii boodas naannoo 11° Ka 40° 30' B ttii gara kaaba-bahaatti jallatee erga deemee booda bakka 12° guutummaan gara bahaatti jallatee Haroo Gargoriitti namma. Akka gabaasni Abbaa Taayitaa Istaatistiiksii Itoophiyaa maxxanse ibsutti, Lagni Awaash 1200km dheerata. Barreessaan Encyclopædia Britannica bara 1911 yaa'aa gara gidduu laga kanaa yoo ibsu, Awaash "Laga guddaa kan yeroo caamaa 60m bal'atuu fi 1.2m gadi fagaatu, yeroo roobaa ammoo iddoo bona turerratti hanaga 15-20m dabaluudhan lafa naannoo laga sanaa jiru lolaadhan uwwisa" jedha. Galtuun laga Awaash kan birooo (tarreedhan gara gadiitii gara ka'umsa Awaashitti): Loogiyaa, Miillee, Borkannaa, Qabbannaa fi Laga Duukami.
Magaalonni naannoo laga kanaa jiran Matahaaraa, Awaash, Gawwaanee fi Asaayittaadha. Section::::Seenaa. Ilmoon namaa sulula Awaash keessa dhufaatii sanyii namaarraa kaasee jiraacha ture. Giddu-galeessi Awaash bakaa itti lafeen hoominiidii nama-duraa (pre-human hominid) baayyen itti argamedha. Sululli Awaash yaa'aa gadii naannoo 9° Ka kaasee bara dheeradhaaf iddoo jireenyaa ummata Affaari. Sululli kun mootummoota Dawwaaroo, Fatagar, Ifaat, fi Shawaatti akka qaama bulchiinsa isaanitti dabalamee ture. Shawaadhan ala, mootummoonni kun erga Oromoon jaarraa 16ffaa keessa dhufee booda nibadani. Namni Yuurooppi kan jalqaba laga Awaash hordofee bakka inni itti namu haroowwan Awussaa argate "Wilfred Thesiger" yoo ta'u kunis bar 1933/1934. Thesiger magaalaa Awaashii ka'e, yaa'a lagaas hordofee deemun Haroo Abbee erga argatee booda hanga Taajuraatti ittuma fufee deeme. Abuuraan "L.M. Nesbitt" jedhamu ya'aa laga Awaash gartokkesaa hordofee bara 1928tti kan ilaalee yoo ta'elle, Asaayittaa yeroo ga'u laga kanarraa goree gara kaabatti karaa Sulula Affaarin gara Galaana Diimaa qaxxaamure. Bara 1960tti, Hidhni Qooqaa iddoo Finfinneerraa 75 km fagaatee argamutti Laga Awaashirratti hojjatamee xumurame. Haroon kunis naannoo sanaaf madda anniisaa elektirikii guddaa ta'ee. Haroon hidha kanaan uummame Haroon Galiilaa (Kuusaa Qooqas ni jedhama) ballina naannoo isquweer km 180 ta'u qaba. Yeroo ammaa kana, hidhni fi haroon kun sababa cirrachaatin balaarra jira. Baankin Addunyaalessaa Awaash Laga Awaashitti moggaafame. Section::::Bineeldota. Sulullii Awaash Gadii iddoo hardiida Afrikaa itti kunuunsan kan dhumaati.
Sulullii Awaash Gadii iddoo hardiida Afrikaa itti kunuunsan kan dhumaati. Hardiidni kun Paarkii Biyyoolessaa Yaanguddii-Raasaa keessa guutummaan badaniiru, garuu ollasaa kan ta'e Kunuunsa Hardiidaa Miillee-Sardoo keessa ni jiru. Bineeldonni gurguddon naannoo kana jiraatan kan biraa saalaa (Beisa Oryx), busaawaa garagaraa kana akka gugguuftuu (gerenuk), hiddii (Dorcas gazelle), kuruphee fi bosonuu, fi hardiida (Grevy's zebra).
Tarree Hiibboo Oromoo Tarreen kun hiibboo bebekkamoo ummata Oromoo keessaa muraasa qaba.
Teeknooloojii Teeknooloojii (jecha Giriik "τέχνη", tekne, "aartii, ogummaa, dandeettii harkaa"; fi -"λογία", -loojiyaa) kuusaa meeshaaleeti, kunis maashinoota, jijjiirraa (modification), qindaayina fi adeemsa namoonni itti fayyadaman dabalata. Injineriingiin damee saayinsii kan teknooloojii haaraa qorachuu fi saxaxuu irratti xiyyeeffatu. Section::::Hiika. Teeknooloojiin bu’aa beekumsa kuufamaa fi hojiirra oolmaa ogummaa, malaa fi adeemsa oomisha industirii fi qorannoo saayinsii keessatti fayyadamaniidha. Section::::Seenaa. Ilmaan namootaa jalqabaa meeshaaleetti fayyadamuu isaanii gartokkoon isaa adeemsa argannoo fi jijjiirama tirannaa ture. Ilmaan namootaa jalqabaa gosa nyaata barbaadan hominids kan duraan miila lama qaban irraa kan uumaman yoo ta'u, sammuu isaanii tilmaamaan harka sadii keessaa tokko namoota ammayyaa ta'a. Itti fayyadamni meeshaalee seenaa dhala namaa jalqabaa harka caalu keessatti haalaan hin jijjiiramne. Tilmaamaan waggoota 50,000 dura, itti fayyadamni meeshaalee fi tuuta amala walxaxaa ta’e kan mul’ate yoo ta’u, arki’ooloojistoonni hedduun mul’achuu afaan guutummaatti ammayyaa wajjin walqabatee akka jiru amanan. Section::::Qeeqaa Teeknoloojii irratti ka'e. Gama hamma tokko shakkii qaban irratti falaasoonni tokko tokko kan akka Herbert Marcuse fi John Zerzan kan jiran yoo ta’u, isaanis hawaasni teeknooloojii uumamaan mudaa qabu jedhanii amanu. Hawaasni akkasii bu’aan hin oolle bilisummaa fi fayyaa xiinsammuu gatii baasuun yeroo hunda teknooloojii ta’uu akka ta’e yaada dhiyeessu. Section::::Egeree. Tiyoorii teeknooloojii tokko tokko yeroo baay’ee teknooloojii fi saayinsii olaanaa yeroo ammaa irratti hundaa’uun egeree teeknooloojii tilmaamuuf yaalu.
Tiyoorii teeknooloojii tokko tokko yeroo baay’ee teknooloojii fi saayinsii olaanaa yeroo ammaa irratti hundaa’uun egeree teeknooloojii tilmaamuuf yaalu. Akkuma tilmaama gara fuula duraa hundaatti garuu, teknooloojiin mirkanaa’aa miti.
Afrikaa cirachuu Afrikaa cirachuu (Afrikaa qooddachuu ykn Afrikaa Gabrommfachuu) Afrikaa qabachuu, koloneeffachuu, fi lafasaa saamuu humnoota Yuurooppin yeroo Impeeriyaalizimii Haaraa, bara 1881 fi 1914 gidduutti raawwatamedha. Bara 1870tti, Afrikaa dhibbantaa 10% qofatu too'annaa Yuurooppi harka jira ture; bara 1914tti, ardii Afrikaa keessaa dhibbantaan 90% bulchiinsa Yuurooppi jala jira, Abisiiniyaa (Itoophiyaa) fi Laayibeeriyaa qofatu gabrummaa jala hin galin hafe. Korri Barliin 1884, kan daldalaa fi koloneessuu Yuurooppi too'ate, jalqaba Afrika gabroomfachuuti. Walmorkii siyaasaa fi diinagdee impaayera Yuurooppi giddu jirurraan kan ka'e, nuusa dhumaa jaarraa 19ffaatti, Afrikaa addaan qooddachuun tooftaa ittiin warri Yuurooppi Afrikaarratti tooftaa ittiin walii waliisaanitiin loluu ittisanidha. Waggoonni 59 kan dhumaa jaarraa 19ffaa, ce'umsa "imperiyaalizimii dhokataa", karaa waraanaa dhiibbaa uumuu fi diinagdee too'achuu, gara ummata kallattiin bulchyytti, imperiyaalizimii koloneeffataatti ce'e. Section::::Seenaa Duubaa. Warri Porchugaal biyya Yuurooppii kan Bara Giddugaleessa booda jalqaba qarqara galaana ardii Afrikaatti iddoo qubsumaa, buufata daldalaa, dawoo waraanaa dhaabbataa fi buufata doonii dhaabanidha. Kunis, Bara Abuurraa keessa jaarraa 15ffaatii kaaseti. Sana booda jaarraa lamaaf, beekkumsi keessoo Afrikarratti qabanii fi fedhiin beekuf qabaniis xiqqaa ture. Qorannoon Yuurooppanonni keessoo Afirkaarratti godhan gara dhuma jaarraa 18ffaa keessa jalqabe. Bara 1835tti, warri Yuurooppi kaaba-lixa Afrikaa baayyeesaa qoratanii kaartas kaasaniiru.
Gara giddu galeessa jaarraa 19ffaa keessa, qorattoota Yuurooppi kan baayyee beekkamoo ta'an Deevid Liiviingistoon fi H. M. Istaanlii yoo ta'an isaanis kaartaa kibba Afrikaa fi Giddugaleessa Afrikaa hedduu kaasan. Imala ulfaataa bara 1850n fi 1860n keessa Riichaard Bartan, Joon Ispeek fi Jeemsi Giraant geggeessan, haroowwaan giddugaleessa gurguddaa fi madda Naayil argatan. Dhuma jaarraa 19ffaa keessa, warri Yuurooppi kaartaa laga Naayil maddasaarraa jalqabee kaasaniiru, boqoqa lagni Niijer, Koongoo fi Zaambeezii keessa yaa'u argataniiru, akkasumas qabeenya guddaa Afrikaan akka qabdu hubataniiru. Hanguma bara 1870n keessattillee, mootummoonni Yuurooppi ardii Afrikaa dhibbantaa kudhan qofa qabatan, kunis baayyensaa qarqara galaanaati. Kan qabataman gurguddoo keessaa Angoolaa fi Moozaambiik, kan Poorchugaalin qabaman; Keeppi Kolonii, kan Ingilaandin qabame; fi Aljeeriyaa kan Firaansin qabame. Bara 1914tti, Itoophiyaa fi Laayibeeriyaa qofatu gita bittaa Yuurooppi jala hingalle. Guddinni teeknolooojii lafa ormaa qabachurratti guddaa gumaacheeraa. Baballinni industirii dagaagina geejjibaa fi walqunnamtii fide, keessattuu bidiruu danfaan deemu, baabura, fi telegiraafii irratti. Guddinni saayinsii fayyaas akkasuma murteessaa ture, keessattu dhukkuboota tirooppiiksii keessatti. Kalaqamuun kuniinii, kan dhukkuba busaa yaaluuf gargaaru, warri Yuurooppi lafa tirooppikaalaa Afrikaa hedduu keessa seenuf isaan gargaare. Section::::Sababoota. Section::::Afrikaa fi gabaa addunyaa. Afrikaan Sahaaraa-gadii, naannoo addunyaa kan "imeeriyaalizimii alidileen" hintuqamne kan dhumaa, bulchitoota Yuuroppif sababa diinagdee, siyaasaa fi hawaasummaan hawwataa ture.
Yeroo daldalli Biriiteen hirrina agarsiisaa deeme, gabaa Yuurooppi kan sababa Dippireeshinitin (1873–96) xiqqaachaa deemee fi kan huggurri itti baayyachaa deemee, biyyoota akka Biriiten, Jarmanii, Firaansi, fi biyyoota biraaf Afrikaan gabaa gaarii ta'eef: gabaa humnoota gita bittaarraa waan baayye bitu garuu kan itti gurguru baayyee kan hinqabne. Dabalataan, kaappitaalli dabalataa yeroo baayyee biyya alaatti investii yoo godhame irra bu'aa qaba, kunis meeshaalee bushoon, dorgommii xiqqaa fi meeshaa dheedhii hedduun jiraachun bu'aa olaana argamsiisa. Kan biraa kan impeeriyaalizimii amansiise tokko fedhii meeshaa dheedhii Yuurooppi keessa hin jirre keessattuu koopperii, jirbii, gommaa, zayitii paalmii, koko'aa, daayimendii, shayii, fi tiinii kan fayyadamtoonni Yuurooppi baayyinaan fayyadamuu jalqaban fi kan indastiriin Yuurooppi irratti hirkatu ture. Dabalataan, Biriiten qarqara galaanaa kibba fi baha Afrikaa qabachuu barbaadde, kunis gara Eeshiyaa fi impaayerashii kan Indiyaa yeroo deemtu, buufata bidiruu itti dhaaban akka ta'uufi. Haa ta'u malee, Afrikaa keessatti – naannoo bara 1910tti Tokkummaa Kibba Afrikaa ta'e odoo hin dabalatin – kaapitaalli warra Yuurooppin investii godhame kan warra kaanitti yoo madaalamu xiqqaadha. Sababa kanaaf, kaampaanonni daldala Afrikaa tiropikaala irratti hirmaatan ija warra kaanin yoo laallamu xiqqaadha, kan Kaampaanii Albuuda Baasu Cecil Rhodes's De Beers alatti. Roodes Roodeeshiyaa mataa isaatif qabate; mootin Beeljiyeem Liyooppooldi II boodara gara jabummaa guddaadhan Koongoo saame. Wantoonni akkasii kun deeggartoota Impeeriyaalizimii kan turan kan akka Alldeutscher Verband, Francesco Crispi fi Jules Ferry jalaa ragaa ittiin gaarummaa impeeriyaalizimii amansiisan dhabsiisa, jarri kun gabaan Afrikaa rakkoo gatiin xiqqaachuu fi humnaa ol omishuu industirootaa kan ardii Yuurooppi keessaatti gabaan xiqqaachun dhufe hambisa jedhanii mormu.
Joon A. Hobsen gabaan Yuurooppi keessa jiru xiqqaachaa deemuun sababa "Impeeriyaalizimii Haaraa"ti jedhee dubbata. Kan Yuunivarsiitii Niwuu Yook keessa hojjatu Wiiliyaam Isterlii, garuu, hariiroo kaappitaalizimii fi impeeriyaalizimii gidduu jiruu jiru ni morma, gita bittaan kan mootummaan deeggarame malee kan korporeshiniin deeggarame miti jedha. Inni yeroo dubbatu "impeeriyaalizimiin kaapitaalizimii fi gabaa bilisaa wajjin ifaan wal hinqabtu...seenaa keessatti kolooniyaalizimii/impeeriyaalizimii fi misooma mootummaan deeggarametu wal qabata." Section::::Waldorgommii tarsiimoo. Wal morkiin Biriiten, Firaansi, Jarmanii fi biyyoota Yuurooppi biraa gidduu ture sirna gita bittaatif sababa guddaa ture. Afrikaan tirooppikaalaa godina investimentii guddaa ta'uu baatus, naannowan biraa garuu iddoo investimentii turan. Keesson Afrikaa bal'aan Afrikaa Kibbaa kan daayimendiin badhaatee fi Ijiipti kan warqeen badhaate gidduu jiru daldala biyya alaa mirkaneessuu keessatti ga'ee waan tabatuuf shoora tarsiimawaa qaba. Biriiten gabaa guddaa Chaayinaa fi koloniishii kan bahaa, keessattuu Indiyaa, Malaayaa, Awustireeliyaa fi Niwuu Zilaandi, keessa jiru morkitootashii dura qabachuuf dhiibbaa siyaasaa keessa turte. Kanaaf, karaa bishaaniirraa kan bahaa fi dhiha walqunnamsiisu - Kanaalii Suwiiz - qabachuun murteessaa ture. Haa ta'u malee, tiyoorin beekkamaan kan Wiiliiyaam L. Laanger Imperial Diplomacy (1935) keessatti dhiyeesse, Roonaaldi Roobinsen fi Joon Andiree Galaager Africa and the Victorians (1961) keessatti dhiyeessanii fi kan Biriiten Afrikaa Bahaa bara 1880-90nitti sababa yaaddoo tarsiimawaa Laga Naayilii fi Ijiipti waan bulchituuf qabdurraa kaatee qabatte jedhu - achumaan karaa garbarraa gara Indiyaa geessu Suwiiz Kanaaal qabatte jedhu - kana Joon Daarwin bara 1997 morme.
Mormiin kunis Joonaas F. Gjersøtiin bara 2015tti irra caala jabeeffame. Lafa Afrikaa qabachuuf ariifachuun buufata waraanaa fi buufata humna galaanaa qabachuurrattis mul'atera, kunis kaayyoo tarsiimoo fi humna agarsiisuf ture. Humni galaana guddachaa deemee fi bidiruuwwan haaran humna danfaatin deeman bakka itti dhagaa cilee naqatanii fi buufata itti suphaman barbaadu turan. Buufanni waraanaas karaa galaanarraa fi sarara walqunnamii eegufis barbaachisaa ture, keessattuu karaa bishaanirraa kan murteessaa ta'ee fi mi'aa ta'e kan akka Kanaalii Suwiiz. Koloniin "madaallii humnaa" keessatti akka qabeenyaatti ilaallamu, akka meeshaa yeroo walii galtee uuman walii kennaniitti itti fayyadamu. Kolonoonni ummata dhalataa biyya sanaa baayyee qaban madda humna waraanaati; Biriiten dhalattoota Indiyaa baayyee waraanagita bittaaf geggessiterratti akka loltootaatti itt fayyadamte, Firaansi ammoo dhalattoota Kaaba Afrikaa hedduu fayyadamte. Bara sabboonummaa keessa, biyyoonnii impaayera akka mallattoo guddina isaanii ittiin agarsiisaniif impaayera qabachuuf dhiibbaa keessa turan; yaadni "guddaa" ta'uus biyyoonni akka impaayera godhataniif akka dirqamaatti tarsiimoosaanii keessatti baasutti geesse. Jalqaba 1880n keessa, Pierre Savorgnan de Brazza mootummaa Koongoo Firaansif jedhee qorachaa ture, yeroodhuma sana Henry Morton Stanley ammoo mootii Beeljiyem Liyooppooldi II bakka bu'ee qorachaa ture. Liyooppooldi II akka qabeenya dhuunfaasaatti Koongoo Firii Isteet jedhee qabate. Firaansi Tuniiziyaa Caamsaa 1881 qabatte, kunis Xaaliyaanin michooma Jarman-Awustiriyaatti 1882 akka makamtu amansiisuu hin oole. Baruma sana, Biriiten Ijiipti (hanga sanatti kan bilisa turte garuu kan Impaayera Otomaanif amanamtuu turte) qabatte, Ijiipti yeroo sana Sudaanii fi gartokkee Chaad, Eertiraa fi somaaliyaa bulchaa turte.
Bara 1884, Jarmaniin Toogoolaandi, Kaameruun fi Kibba Afrikaa Dhihaa akka too'annooshii jala jiran beeksifte; Firaansi Giinii qabatte. Afrikaan Dhihaa Fireench 1895tti bu'uureffame, akkasumas Fireenchi Equwaatowiyaal Afrikaan bara 1910tti bu'uuressan. Section::::Veeltipolitiikii Jarmanii. Jarmaniin Bara Impeeriyaalizimii Haaraa dura humna koloneefattu hin turre, garuu siyaa'inaan dorgommii kana keessatti hirmaatte. Mootummoota baayyetti ciccittee kan turte Jarmaniin, bulchaa Piraashiyaa jalatti Lola Sadowaa kan bara 1866 fi Waraana Firaankoo-Piraashiyaa kan 1870 booda tokkoomte. Humna industirii guddachaa jiru kan taate Jarmaniin, baballachuu bara 1880n keessa jalqabde. Michooma garee-lamaa Oostiriyaa-Hangaarii wajiniitinii fi ittaansee Michooma garee-sadi'ii Xaaliyaanii waliinitiin erga Firaansi qophaatti ambisee booda, Otoo Voon Bismaarki Kora Barliin 1884-85 akka geggeeffamuuf yaada dhiyeesse; korri kun seera ittiin lafa ormaa qabatanii fi too'atan baase. Weltpolitik (himaammata addunyaa) himaammata biyya alaa Kaaayizer Viilheelmi II bara 1890 baasedha, kaayyonsaas karaa dippilomaasii cimaa, lafa gitta bittaa qabachuu fi humna bishaanii guddaa ijaarun Jarmanii humnootaa addunyaa keessa tokko gochuu ture. Jarmanoonni tokko tokko, lafa Filippiinsii fi Tiimor qabachuu deeggaran; kaan ammoo Formosaa (Taayiwaan ammaa), kkf akka qabatamaniif yaada dhuyeessan. Dhuma 1870n keessa, yaadonni namoota muraasan dhiyaatan kun himammata impeeriyaalistii baasun guddatan, fedhii daldalaan deeggaramee. 1881tti, Hübbe-Schleiden, ogeessa seera kan ture, kitaaba Deutsche Kolonisation maxxanse, kitaabni kunis "sabboonummaan biyya keessaa guddachuun himaammata biyya alaa haaraa barbaachisaa godhe" jedha.
Jarmanii-leellisuun fedhii impeeriyaalizimii biyya haaraa kanaa waliin walitti hidhata. Jalqaba 1880n keessa, Deutscher Kolonialverein uummame, bara 1884ttii barruu mataasaa Kolonialzeitung dhaabbate. Dhiibban gita bittaa qabachuuf godhamu kun sabboonaa kan ture lldeutscher Verband dubbatamaa ture. Walumaa galatti, Biismaarki gitta bittaa babal'aa akka Jarmaniin qabaattu hin deeggaru ture, garuu bara Bitootessa 18, 180tti mooti Jarmanii haaraa Viilheelmi IItin akka aangoo gadi lakkisu dirqisiifame. Viilheelmi IIn himaammata gitta bittummaa fi lafa ormaa qabachuu sadarkaa olaanadhaan hojiirra oolche. Baballachuun Jarmanii gara Tirpitz Planitti geesse, kunis Admiral von Tirpitz hojiirra oole. Namni kun 1898 kaasee Fleet Acts adda addaa deeggaraa ture, kunis dorgommii meeshaa waraana Biriiten wajjin gochuutti geesse. Bara 1914tti, Jarmaniin humana bishaaniirraa addunyarratti kan sadarkaa lammaffaa qabatu akka qabaattu godhe (dhibbantaa 40%n kana Biriteenii gadi kan ta'e). Akka von Tirpitz jedhutti, himaammannii humna bishaanirraa muddaan kun warra duubatti harkifatoon odoo hin taane National Liberal Party kan deeggaramu ture, kunis impeeriyaalizimiin namoota jireenyan giddu-galeessaa kan baayyachaa turaniin akka deeggaramaa ture agarsiisa. Jarmanoonni Afrikaa keessatti humna koloneeffata guddaa sadaffaa ta'an. Impaayerri isaanii kan iskuweer kiilomeetirii miliyoona 2.6 ta'uu fi ummanni miliyoona 14 ta'u kan isaan gabroomsan irra caalaa Afrikaa keessatti Kibba-lixa Afrikaa, Toogoolaandi, Kaameruun fi Tagaanikaa keessatti argama. Entente cordiale 1904 kan impaayera Biriitenii fi Firaansi gidduutti godhametti aansee, Jarmaniin Qisaasa Morokkoo Duraa kan 1905tti fayyadamtee Firaansi kophaatti ambisuuf yaalte.
Entente cordiale 1904 kan impaayera Biriitenii fi Firaansi gidduutti godhametti aansee, Jarmaniin Qisaasa Morokkoo Duraa kan 1905tti fayyadamtee Firaansi kophaatti ambisuuf yaalte. Kunis Kora Algeciras 1905tti geesse, achirrattis Firaansi sababa Morookoo qabatteef lafa kan biraa akka gadi dhiiftuf walii galte. Kana boodas Qisaasni Agaadir bara 1911tti dhufe. Muudannoo Fashooda 1898 kan Firaansi fi Biriiten gidduutti uummame dabalatee, qisasni addaan hincitne itti fufaan kun wallaansoo hadhaawaa biyyoota impeeriyaalistii gidduu jiru agarsissa, kunis dhumarratti Waraana Addunyaa Itti geesse.
Gutama mahamad Barreessa kitaaba seena hundeeffama Magaala Qarsaa Godina Haraarge Bahaa Aanaa Qarsaa yeroo dhihoo booda isiinif gad dhifaama.
Kallacha Kallachi meeshaa aadaa Oromoo kan addarratti godhatamu yoo ta'u kallacha kan godhatu warra dhiiraati. Kallachi meeshaa nageenya fi araaraati, kanaafis meeshaalee aadaa kamiyyuu caalaa kabaja guddaa qaba. Yeroo baayyee, namni kallacha godhatu, bokkuu kan mallattoo abbaa aangumma agarsiisus qabatee deema. Kallachi kan godhatamu addarratti yoo ta'u kan godhatus namoota umuriidhan bilchaatee fi angafa gosaa ta'edha. Kallachi kan godhatamu faayummaaf odoo hin taane sirna aadaa Oromoo keessatti hiikaa mataasaa waan qabuufi. Kunis nageenyaa fi araara buusuuf tajaajila. Section::::Dhufaatiisaa. Oromoon kallacha Waaqatu kenne jedhee amana. Waaqayyo kanas kan godhu bakakkaatti fayyadamuudhaan kallacha Oromoof buusa. Waaqni kallacha kan Oromoof kenneef meeshaalee kanatti fayyadamuun Oromoon nagaa fi seera eegee akka jiraatu gochuufi. Akka manguddoonni jedhanitti, kallachi sibiilarraa hojjatama, sibiilli kunis biyyoo bakka bakakkaan itti bu'erraa fudhame irraa argama. Sababa kanaaf, Oromoon kallachaaf kabaja guddaa kennaafi. Namni kallacha keewwatee deemu 'Abbaa Kallachaa' jedhama, namni bokkuu qabatu ammoo 'Abbaa Bokkuu' jedhama. Bara durii, kallacha akaakuu lamatu jira ture: kallacha kormaa fi kallacha laafaa. Kallachi kormaan meeshaa ittiin nama abaaran yoo ta'u sababa kanaaf baayyee sodaatama. Kallachi kormaan kan tajaajilu nagaa buusuu fi ayyaaneffata amantii fi hawaasummaa raawwachuufi. Karaa biraa, kallachi laafaan akka mallattoo kabajaa fi qajeelummaatti kan tajaajilu yoo ta'u abbaan Gadaatu godhata. Section::::Nagaa Buusuu. Kallachii fi caaccun araara buusuu keessatti ga'ee guddaa qabu. Jaarsolii fi beerren kallachaa fi caaccuu qabatanii araara dubbatu. Meeshaalen kun namni firri jalaa du'e gadda isaanii dagatanii gara araaraatti akka dhufan godha jedhame amanama.
Meeshaalen kun namni firri jalaa du'e gadda isaanii dagatanii gara araaraatti akka dhufan godha jedhame amanama. Yeroo mariin araaraa godhamu, namoonni kallachaa fi caaccuu yoo argan nagaa akka bu'u sirritti itti amanu. Kunis, abaarsi warra araara diderraa ga'uu fi eebbi warra araara jaarsolii fudhataniif kennamu namooni akka sodaatan gochuun araara akka fudhatan godha.IDDOOSAA DABALAA Araarri kallachaa fi caaccun dhufe cimaa ta'a. Ummata Oromoo keessatti, Abbaan Kallachaa fi Haati Caaccuu hawaasa keessa filatamanii meeshaalee kana qabaatu, meeshaalee kanaanis hojii hawaasumma fi siyaasaa akkasumas amantii raawwachiisu.
Qubee Laatinii Qubee Laatinii kan durii, Qubee Roomaaniis jedhamee kan beekkamu, sirna barreeffamaa kan qubee Giriikirraa dhufedha. Qubeen Giriikii, Giriik duriiyyuu dabalatee, abijaadii Foneeshiyaa irraa dhufe. Itirooskanonni Room jalqabaa bulchanh, qubee Giriik fudhachuudhan fooyyessanii hojiirra oolchan. Qubeen Itirooskan ammoo dabree isaatin, Roomanota duriitin fooyya'ee Afaan Laatinii ittiin barreesuf hojiirra oole. Bara giddu-galeessaa keessa, barreessitoonni afaanota Roomaansii, kan qajeelton Laatiniirra dhufan, barreessuufii akkasumas afaanota akka Seltiikii, Jarmaniikii, Booltikii fi Islaavikii barreessuf qubee Laatinii fudhatan. Bara koloniyaalizimii fi wangeela Kiristaanaa baballisuu keessa, qubeen Laatinii Yuurooppin alatti tatamsa'ee afaan dhalatoota Ameerikaa, Austireeliyaa, Oostirooneeshiyaa, Oostiroo'eehiyaatiik fi afaanota Afrikaa barreessuf ooluu jalqabe. Yeroo as dhiyootti, qorattoonni afaanii yeroo barreessan ykn afaan Yuurooppi kan hin taanef yeroo seera barreeffamaa waaltessan, kan akka qubee wabii Afrikaa, qubee Laatinii ykn IPA (kan ofumaafuu irraa guddaa qubee Laatiniirraa dhufe) filatu. Jechi alfabeetii Laatinii jedhu yookan alfabeetii afaan Laatinii barreesuf oole (akka barruu kana keessatti ibsametti), yookan ammoo alfaabeetii kan biraa kan qubee Laatinii irraa dhufan ibsuu danda'a. Alfabeetota Laatiniirraa dhufan keessatti, kan akka alfabeetii Ingiliffaa dabalatee, qubeewwan Laatinii tuuta qubee hunda isaanii keessa jirudha. Alfabeetonni Laatinii kan akkasii kun qubee gatuu, akka alfabeetii Rotokasitti, ykn qubee haaraa dabaluu, akka alfabeetii Daanishii fi Noorweyitti, danda'u. Bocni qubeewwanii jaarraa baayyee keessaa jijjiiramaa dhufe, kunis qubee xixiqqaa kan Laatinii durii keessa hin jirre Laatinii Giddu-galeessatif uumuu dabalatee jijjiirama Laatiniin keessa darbedha.
Bocni qubeewwanii jaarraa baayyee keessaa jijjiiramaa dhufe, kunis qubee xixiqqaa kan Laatinii durii keessa hin jirre Laatinii Giddu-galeessatif uumuu dabalatee jijjiirama Laatiniin keessa darbedha.
Haroon Shaallaa kiilomeetira 28 yoo dheeratu km 12 bal'ata, walumatti lafa naannawaa 329 km isquweerii ta'u uwwisa.
Dimookiraasii Dimokiraasin "sirna bulchiinsa mootummaa kan itti ummanni biyyattii ykn hawaasichaa...dhimmaa isaanirratti murtii mutrteessuu keessatti hirmaatanidha, kanas yeroo baayyee bakka bu'oota paarlaamaa ykn caffee walfakkaatutti filachuudhani godhu."
Akka Insaayikiloppidiya Biritaanikaan jedhutti "Aristootil saayintistii dhugaa kan jalqabaati... kanaafis saayintistiin kamirraayyuu oolmaa qaba"
Mararaa Guddinaa Mararaa Guddinaa (A.L.A 1956-) barsiisaa saayinsii siyaasaa fi hoogganaa garee mormituu Koongireesii Federaalawaa Oromoo KFOti. Dr Mararaan umurii isaa guutuu waa'ee ummata Oromoof jecha qabsaa'aa kan dabarse yoo ta'u ammas paartii momituu hoogganuudhan siyaasa Itoophiyaa keessatti socho'aa jira. Section::::Seenaa Duubaa. Mararaa Guddinaa Adoolessa 5 bara 1956 godina Shawaa Lixaa aanaa Tokkee Kuttaayee ganda Caancoo Obbiitti dhalatee guddate. Ijoollummaa isaarraa jalqabee waan isaaf hingalle cimsee gaafachuu fi waan sammuun isaa hinfudhanne hunda mormuu isaarraan kan ka’e maatii isaa fi namoota naannoo biratti maqaa masoo “Didaa” jedhamuun beekama ture. Oromoota muraasa yeroo sana carraa barnootaa argatan keessaa tokko yoo ta’u barnoota sadarkaa tokkoffaa achuma aanaa Tokkee Kuttaayee magaalaa Gooroo Sooleetti barnoota sadarkaa lammaffaa ammoo magaalaa Ambootti haala gaariin hordofuudhaan qabxii olaanaa galmeessisee Yuunivarsiitii Finfinnee seenuudhaan barnoota Saayinsii Siyaasaa hordofuu jalqabe. Haa ta’u malee carraan hidhamuu, dararamuu fi ajjeefamuu barattoota Oromoo irra ga’aa turee fi ga’aa jiru Mararaa Guddinaa irras ga’uu dhaan Mootummaan Dargii badii tokko malee mooraa barnootaa keessaa qabuudhaan waggaa torbaa oliif mana hidhaa keessatti isaan darare. Bara Jireenya isaanii keessatti abdii kutatanii kan hin beekne Dr. Maraa Guddinaa waggaa torbaa oliif badii tokko malee mana hidhaa keessatti dararamanii erga ba’anii booda gara Kaayiroo Ijiiptitti imaluudhaan barnoota addaan kutan itti fufanii Yuunivarsiitii Kaayiroo irraa barnoota Saayinsii Siyaasaatiin Digirii Jalqabaa fudhatan. Barnootaaf bakka guddaa kan qaban Mararaa Guddinaa barnoota isaanii itti fufuudhaan bara 2002 yuunivarsiitii guddichaa fi beekamaa ta’e Yunversiitii Nezerlaandirraa barnoota Saayinsii Siyaasaatiin doktarummaa fudhatan.
Mararaan bara 1986 barsiisummaadhaan Yuunivarsiitii Finfinnee keessatti tajaajiluu kan jalqaban yoo ta’u hanga ammaatti achumatti barsiisaa jiru. Section::::Sochii Siyaasaa. Dr Mararaa qabsoo Oromoo biyya keessaa bifa bittinnaa’een adeemsifamaa ture daandii qabsiisuudhaaf bara 1996 paartii Koongireensii Biyyoolessaa Oromoo hundeesse. Kunis qabsoo uummata Oromoof daandii haaraa bane. Sochii dinqisiisaa fi fudhatamaa ta’e uummata Oromoo waliin taasisuudhaanis filannoo bara 2005 irratti hojii guddaa dalaguudhaan uummatarraa jaalalaa fi amantaa guddaa argatan. Sababa kanaanis Oromiyaa bakka hedduu keessatti injifatanii mana maree Federaalaa seenuudhaan mirgi uummata Oromoo akka kabajamuuf cimsanii falmaa turan. Haala kanaan moo'amuu fi uummata biratti fudhatama argachuu Mararaatti kan hin gammadne ADWUIn miseensota garaa isaanii guuttachuuf Koongirensii Biyyolessa Oromoo keessa seenan kanneen akka Tolasaa Tesfaayeetti qarshii muraasa hiixachuudhaan daandii godhatee shira hin jirre paartii kana keessatti uumuudhaan hundeessaa paartii kanaa kan ta’e Mararaan paarticha irraa fudhachuudhan paartiin uummata Oromoo biratti jaallatamee fi abdatame Koongireesiin Biyyoolessa Oromoo warra gantuuf dabarfamee kenname. Namoota kana godhan keessa tokko kan ta'e Tolasaa Tasfaayee akka hooganuufis angoon kijibaa ni kennameef. Sochii godhan keessatti haala rakkisaa kam keessattis abdii kutatee kan hin beekne Dr Mararaan ammas adeemsa isaa itti fufuudhaan bara 2008/2009 paartii hayyuu diinagdee kan ta'an Bulchaa Dammaqsaatiin hundeeffame paartii Warraaqsa Federaalistii Dimokiraatawaa Oromoo(WFDO) waliin walitti makamuudhaan Koongiresii Federaalistii Oromoo (KFO) bifa haaraan hundeessanii qabsoo isaanii itti fufan. Paartii kana qabachuudhaanis uummata keessa gadi bu’anii qabsoo rincicee ture oo'isuudhan uummata dammaqsanii sochoosan.
Paartii kana qabachuudhaanis uummata keessa gadi bu’anii qabsoo rincicee ture oo'isuudhan uummata dammaqsanii sochoosan. Mirgi uummataa akka kabajamuuf halkaniif guyyaa carraaquu irraan kan hafe waa’ee jireenya dhuunfaa isaanii yaadanii kan hin beekne Mararaa Guddinaa hanga har’aatti mana hin qaban, maatii hin qaban, ijoollee hin qaban. Manni isaanii dachee Oromiyaa halkaniif guyyaa waardiyyaa dhaabbataniifidha. Maatiin isaanii uummata Oromoo hundadha, Ijoolleen isaanii Dhaloota Qubee of jalaan horatanidha. Section::::Dirqamaan Soorama Ba'uu. Mormituu mootummaa ta'uu Dr Mararaa kan hin jaalanne ADWUIn, Yuunivarsiitii Finfinnee keessatti soo ammas dalaguuf humna qabuu osoo barattoota mooraa Yuunivarsiitii Finfinnee biratti daran jaallatamuu yunrvarsiitii waggoota hedduudhaaf hojjaterraa tajaajilli kee dhumeera jechuudhan dirqamaan soorama akka ba'u godhameera. Seera yuunivarsiitii keessatti namni tokko hojjachuu nan danda'a jedhetti soorama ba'uuf kan hin dirqamne yoo ta'ellee, Yuunivarsiitin Finfinnee Mararaan dirqamaan soorama baaseera. Kana qofa miti tajaajjilli isaan waggoota hedduudhaaf biyyittii kana tajaajilan dagatamee manni jireenyaa waggoota hedduudhaaf keessa ta’anii biyyittii kana tajaajilan harkaa fudhachuudhan yeroo ammaa kana mana kiraatiif saaxilamanii jiru.
Albamoota 10n kana keessatti, sirboota 80 ol ta'an baase.
Yuunivarsiitii Baahir Daar Yuunivarsiitiin Baahir Daar yuunivarsiitota Itoophiyaa keessaa tokko yoo ta'u naannoo Amaaraa magaalaa Baahir Daar keessatti argama.
Yuunivarsiitii Gondor Yuunivarsiitiin Gondor yuunivarsiitota Itoophiyaa keessaa tokko yoo ta'u naannoo Amaaraa magaalaa Gondor keessatti argama.
Yuunivarsiitii Dabra Maarqos Yuunivarsiitiin Dabra Maarqos yuunivarsiitota Itoophiyaa keessaa tokko yoo ta'u naannoo Amaaraa magaalaa Dabra Maarqos keessatti argama.
Ganzabee Dibaabaa Ganzabee Dibaabaa atileetii Oromoo fiigicha dheeraa fi giddugaleessan beekkamtudha.
Yaanet Dinquu Yaanet Dinquu weellistuu Oromoo beekkamtuudha.
Huseen Bunee Huseen Bunee (1998-2004 ALH) qabsaawaa Fincila Baalee keessatti Jeneraal Waaqoo Guutuu wajjin ta'uun lolaa turani. Huseen jecha nafxanyaa qawween hin ajjeftu jedhu kan yeroo sana diinni ittiin ummata Oromoo sodaachisuuf fayyadamu nafxanyoota hedduu ajjeesun soba ta'u ummatatti agarsiisan. Section::::Seenaa Duubaa. Huseen Bunee Godina Baalee aanaa Sawweenaa bakka Goonii Gafarsaatti jedhamutti abbaasaa Daraaraa Godaanaa fi armeesaa Hawwaa Badhaasorraa bara 1898 (ALH) ykn 1904/1905 ALA dhalate. Abbaansaa erga dua'anii booda Huseen Bunee qe'ee abaasaa too'achuuni fi obboleeyyansaa guddisuun dirqamasaa waan tureef kanuma fudhatee socho'aa ture. Yeroo sana manni barumsaa waan hinjirreef, Huseen mana amantii Islaamaa seenee amantii baratee barsiisaa ture. Erga guddatee haadha manaa fuudhee booda, ciminaa fi siyaa'inasaa kan argan bulchiinsa Mootummaa Hayila Sillaasee keessatti Burqaa godhanii muudan. Adeemsa keessan ciminasaarraa ka'uun gara bakka bu'aa baalabbaataatti ol guddisan. Adeemsa hojii kana keessattis hacuuccaa sirni Nafxanyaa ilamaan Oromoorran ga'u argee aaruu jalqabe. Walga'ii baalabbaatota Oromo ta'an 18 irratti, Huseen Oromoon sirna nafxanyaa qabsaawu akka qabuu innis kanumaaf qophaawuusaa itti himee isaanif akka isa faana hiriiran gafate. Isaan garu humna maalitiin Hayila Sillaasee lolta, kuni gonkumaa hin ta'u jedhanii didan. Innis akkamitti akkan qabsaawuu Nafxanyaa akka falmu sinittan agarsiisa jedheen. Itti aansun Huseen Bunee horiisaa keessaa sangoota sagal gurguree qawwee sadi'i bitate qabsoof qophaawe. Obbolootasaa fi namoota biraa muraasa fudhatee bara 1962 ALH qabsoo eegale.
Huseen Bunee Gaara Goonirratti qubachuudhan qabsoo finiinse. Namoonni gabrummaan itti hammaate hedduun dhaqanii miseensa waraana Huseen Buneetti makamuu eegalan. Gaara Goonii kan amma Gaara Huseen Bunee jedhamee moggaafame karaan ittiin koran tokko qofa, loltoonni Huseen Bunees gaara kana erga koranii booda loltuun Hayila Sillaasee akka hin seennef hulaa cufani. Yeroo loltuun Hayila Sillaasee dhufes dhagaa gaararraa itti gadi kaachisuun ajjeesu. Gaara kanarra bineensonni adda addaa waan jiraniif yeroo beela'an gadamsa ajjeesanii nyaatu turan. Section::::Gargaarsa Sumaalen Gootef. Mootummaan Somaaliyaa cunqurfamtootaf gargaarsa akka kennu kan dhaga'e Huseen Bunee namoota saddeet filee gara Somaaliyaatti erge. Mootummaan Somaaliyaas gaaffii kana fudhachuudhan qawwee 8, dhoobir 7 fi toomsanii 1 kenneefi. Meeshaa kanatti fayyadamuun qabsoo itti fufan. Bara 1963 gara Somaaliyaa deemee bakka Elbaardii jedhamu dhaqee isaan wajjin marii godhe. Mootummaan Somaaliyaas qawwee, dhuka'aa fi rasaasa kenneefi geggeesse. Huseenis kana gaalatti fe'udhaan gara Baaletti deebi'e. Ummanni naannoo sanaas kanarraa ka'uun haamileensaa dabale. Baalabbaatonni duraan Huseen bunee didani amma harka lafa jalaatin gargaaruu eegalan. Bqattoonni Oromoo Huseen Mahaammad Suuraa gara Ijiiptitti ergan. Innis achi deemee gargaarsa maallaqaa fi meeshaa waraanaa akka gaafatuf ture. Mootummaan Ijiiptis kana fudhatee gargaarsa maallaqaa fi meeshaa waraanaa kenneefi geggeesse. Kana kan dhaga'e mootummaan Somaaliyaa aarudhaan akkamitti haayyama keenya malee siyaasa keessan biyya alaa baatan jedhe. Meeshaa waraanaa gargaarsan dhufe kan Barbaraa fi Basasoo gidduutti bu'ee ture loltootasaa itti ergee qabsiise. Namoota meeshaa waraanaa kana fe'uuf dhufan 36s qabee mana hidhaa Looyi Haaddee jedhamutti waggaa 5f hidhe.
Namoota meeshaa waraanaa kana fe'uuf dhufan 36s qabee mana hidhaa Looyi Haaddee jedhamutti waggaa 5f hidhe. Baqattoonni Oromoo Somaaliyaa keessa turan nuti Sumaalee Abboo odoo hin taane nuti Oromoodha, yoo nu gargaartan maqaa kanaan nu gargaaraa jedhanii ibsa baasan. Huseen Bunee mootummaa Somaaliyaa wajjiin haasaa godhee kanuma waan ifa godheef mootummaa Somaaliyaatin hidhame. Mootummaan Somaaliyaa maqaa Sumaalee Abbotiin yoo qabsoofte gargarsaa siif goona, umurii kee guutuu miindaa siif kaffalla jedhanii amansiisuf yaalanirree Huseen Bunee ni dide. Waggaa sadi'ii fi ji'a booda Huseen Bunee mana hidhaatii gadi lakkifamee baqattoota achi jiranitti makame. Mootummaan Somaaliyaa gaafa gadi lakkisu qarshii shilingii kuma soddoma kenneefi.
Kamaal Galchuu Jeneraala Kamaal Galchuu hogganaa waraanaa Itoophiyaa kan duraanii yoo ta'u boodarra ABOtti makamuun qabsoo geggeessa jira. Section::::Seenaa Duubaa. Jeneraala Kamaal Galchuu, hoggana waraana Itoophiyaa moora 18 kan ture yoo ta’u bara 2006, waraana Itoophiyaa ganee, meeshalee garagaraa fi waraana 541 fudhatee biyya bahee ABOtti makame. Jeneraal Kamal Galchuu, yeroo biyyii Laayibeeriyaa weeraramee ture bare 1999-2003 giddutti nama gamta Afrikaa wajjiin moora waraana Itoophiyaa achittii bakka bu’e leenjii hogganaa nama leenjifamaa turedha. Waraanni Itoophiyaa kan Laayibeeriyaatti ergamee walakkansaa ijoolle Oromoo ture . Kamal carra kana fayyadamuudhan ijoolle Oromoo haala adda ta’een dhoksaadhan nama gurmeessa tureedha. Lola biyya sana haala gaari irra leenji’e ture. Dura ta’aa Waraana Gamta Africa warqee ykn medaaliya Jeneraalumma Kamaal Galchuutti kenne ture. Lollii biyaa Laayibeeriyaa xinno erga tasgabba’ee booda, Kamal Galchuu biyyatti deebi’ee. Erga deebi’ee immo moora waraana 18 daanga Itoophiyaa fi Eertiraa gidduutti hogganaa ture. Loltoota Eertiraa kumaataman daanga Itoophiyaa irra kiloomiitira 25 ol ji’a 3 keessa of jalattii galchee ture. Yeroo kanatti Mallas Zeenaawwii haala hojii Jeneral Kamal Galchuu kana dinqisiifatee maqaa Birgaader jedhuu argatee. Bara 2005 yeroo inni Finfinnee dhufu, waraana isaa waliin miinda isaani fudhachuuf gaafata ture. Garuu yeroo sanatti miindan ji’a dhufuu isiniif kennamaa jedhanii waraana hunda dachaasan. Waraanni iddo sana turan akka jedhanittii, Jeneraal Kamal Galchuu karaa moora mummicha ministeraa cufsiisudhan dirqiin miinda waraana isaa akka kafalamuu gaafate. Yeroon kun yeroo filannoo waan tureef, haalli Itoophiyaan keessa jirtuu jeequmsaatu ka’aa jedhamee eegamaa ture, wayiituma sanatti waraanni mindaa isaani dacha lama ol kafalamanii achii galan.
Ji’aa muraasa booda Jeneral Kamal Galchuu daanga Itoophiiyaatti ammas ramadamee waraana wajjiin achittii ergamee ture. Carraa gabaaba kana keessatti Inni meesha fii waraana harka qabuun biyya bahee ABOtti maqamee ture. Gaaffi deebi inni yeroo sana televizyiina Eertiraa fi Televishiina adda addatti dubbateetti hawwiinsaa yeroo gabaabatti Itoophiyaa deebi’ee mootumma Wayyaane fonqolchuu akka ta’ee ibsee ture. Wayyaanen afaan qawwee malee afaan biraa hinbeektu jedhee BBCttis himee ture. Garuu hoggantoota ABO yeroo sanattii biyya galanii akka lolan hin qophoofne jedhanii of duubatti harkifachaa turan. ABO iddo lamattii akka qoodamuu kan taasisee keessa isa kana dha. Warra Itophiyaa galanii loluu barbaadu fi warra immo loluuf hin qophoofnee jedhantu ture. Yeroon ABO sababaa kanaan iddo lamatti qoodhamu yommu ta’u waraanni Bilisummaa Oromoo humna isaa laafa dhufee. Yeroo kanatti Jeneraala Kamal Galchuu dhaaba haara hundeesssun isaa beekameera. Dhaaba Kallacha Walabumma Oromiyaa (KWO) jedhuu fi alaaba abbaa Gadaa, odaa waliin kan qabuu bu’ureessun isaa beekameera. “Qabsoon biyyaa keesa malee Eertiraa hin jirtu, Wayyaane biyya keessa jiraata malee Asmaraa mitii” jechuudhan gaaffiif deebii OMN wajjin godherratti dubbateera. Ji’aa muraasa dura kana jechuun 2015 keessa biyya Eertiraarraa gama biyya Yugaandaa akka seenaniis beekamee jira. Odeeffannoon tokko tokko Kamaal amma biyya keessa jira jedhu, garuu hinmirkanoofne. Jeneraala Kamaal Galchuu yeroo ammaa galata Dr.Abiy, Prdt Lammaa Magarsaa fi Qeerroo biyyaa galuudhaan uummata isaanii dukaa qabsoo kan finiinsaa jiran irra darbuun haaromsa dhugaa OPDOn yeroo dhiyooti taassisaniin hoggantoota haarimsa duukaa tarkaanafachuu fi tarkaanfachiisuu danda'an gara muudamaati fiduuf carraqamaa jiruun Jeneraala Kamaal Galchuu Itti Gaafatamaa Bulchiinsaa fi Nageenya Oromiyaa taasisuun muudanii jiru.
Jeneraala Kamaal Galchuu yeroo ammaa galata Dr.Abiy, Prdt Lammaa Magarsaa fi Qeerroo biyyaa galuudhaan uummata isaanii dukaa qabsoo kan finiinsaa jiran irra darbuun haaromsa dhugaa OPDOn yeroo dhiyooti taassisaniin hoggantoota haarimsa duukaa tarkaanafachuu fi tarkaanfachiisuu danda'an gara muudamaati fiduuf carraqamaa jiruun Jeneraala Kamaal Galchuu Itti Gaafatamaa Bulchiinsaa fi Nageenya Oromiyaa taasisuun muudanii jiru.
Hawwisoo Oromoo Baandin Oromoo kan jalqabaa Afran Qalloo dha.
Gumii Gumiin Gadaa kora ykn yaa'ii abbootii Gadaa fi gosaati. Gumiin abbootii Gadaan hoogganame, gosa naannoo gumiin itti teessu jiran hundaa hirmaachisa. Gumiin kora abbootii gadaa gosa gosaan gaggeeffamuudha. Korri abbootii gadaa gosaan gaggeeffamu kun, waggaa saddeet keessatti gumii (kora walii galaa) ni waama. Gumiin Oromoo Booranaa fi Oromoo Gujii biratti walgayii ol’aanaa abbootii gadaa fi ummataa yoo ta’u, Oromoo kaan biratti ammoo Caffee yookan Yaa’ii Odaa jedhamuun beekama. Iddoowwan sirna Gadaa keessatti abbootiin Gadaa fi miseensonni Gadaa Gumii taa’uun hanga har’atti sirna ho’aadhaan itti kabajamu keessaa Gumiin Gaayoo fi Gumiin Bokkoo isaan beekamoodha. Gumiin kan taa’amuuf sirna Gadaa keessatti, gamaaggama gaggeessuuf, rakkoo hawaas-dinaagdee hiikuuf, seera dulloome baasuufi seera haaraa lallabuuf. Section::::Gumii Gaayoo. Gumiin Gaayoo ardaa jilaa godina Booranaa aanaa Dhaas ganda Gaayoo keessatti argamu yoo ta’u, ardaan jilaa kun ardaa abbootiin gadaa seera itti haaromsanii fi seera haaraa lallabame iddoo itti raggaasisaniidha. Gumiin Gaayoo bara gadaa Abbaa Gadaa Daawwoo Gabboo (1764) irraa kaasee, Oromoo Booranaatiif wiirtuu jilaa akka taatee fi marsa gadaa 40ffaa akka keessummeesse ni dubbatama. Gumii Gaayoo kanarratti seerota fooyya’uufi jijjiiramuu qabanis haaluma yeroofi gaaffii gosaatiin kora itti keessumeeffamuudha. Adeemsi kora Gaayoo kunis, jijjiirama hawaasaafi haala guddina hawaas-dinaagdee Oromoo Booranaarratti hojii guddaa kan raawwachaa ture yoo ta’u, jireenya Oromoo Booranaafi walitti dhufeenya inni saboota ollaa wajjin qabu kan itti madaalamuufi hiikoo argartuudha.
Adeemsi kora Gaayoo kunis, jijjiirama hawaasaafi haala guddina hawaas-dinaagdee Oromoo Booranaarratti hojii guddaa kan raawwachaa ture yoo ta’u, jireenya Oromoo Booranaafi walitti dhufeenya inni saboota ollaa wajjin qabu kan itti madaalamuufi hiikoo argartuudha. Kana malees mirgoota dubartiifi daa’immanii, akkasuma mirgoonni namoota harka qal’eeyyiifi rakkinoota gosaa, dhimma buusaafi gonofaa, dheedaafi obaafi k.k.f. iddoo itti sakatta’amuufi falli itti kennamuudha. Gumiin Gaayoo safuu mataa isaa qaba. Oromoo Boorana biratti Gumii Gaayoorra hin qotan; namni itti hin awwaalamu. Yoo mana itti ijaaruuf muka irraa muraanis daraaraa itti naqatan. Gumiin Gaayoo walakkaa lafa Booranaa waan taateef gosonni Booranaa 17 (Digaluu, Maxxaarrii, Karrayyuu, Daaccituu, Odituu, Galaantuu, Maccituu, Bachituu, Siraayyuu, Koonnituu, Arsii, Hawaaxxuu, Qarcabduu, Warra Jiddaa, Malliyyuu, Dambituu fi Noonnituu) Gumii Gaayoo akka wayyuutti ilaalan. Gosti Booranaa 17nu Gumii Gaayoo hordofuuf yoo ganda Gaayoo dhufan, guyyoota hedduu waan achi turaniif gosa gosaan ‘diidaa mana waaqaa’ Gaayoorratti qubatan. Yeroo qubatanitti osoo gumiin hin gaggeeffamiin dursanii gosa gosaan taa’anii rakkoo gosaa qoratan. Akka ilaalcha Oromoo Booranaatti irreen Boorana gosa Booranaati. Booranni gumii kanaan seera adda addaa qorata; seera namaa, yookiin ilmaafi intalaa, seera marraafi bishaanii, seera mukaa (muka jilaa), seera eelaa, seera galaanaa fi k.k.f. qorata.akka barbadametti a bbaan Section::::Gumii Bokkoo. Gumiin Bokkoo godina Gujii aanaa Annaa Sorraa keessatti taa'ama. Gumii kanarrattis akkuma Gumii Gaayoo seera haaraa tumuu, rakkoo hawaas-diinagdee qorachuu, marii geggeessuu fi kkf keessatti argama.
Namoota FDG 2015/2016 irratti ajjeefaman Tarreen armaan gadii kun namoota FDG 2015/2016 irratti ajjeefaman qabata.
Shaallaa Aanaan shaallaa aanolee arsii keessatti argaman keessaa ishee takka dha.Aanaan tun qabeenyaa uumamaa kan akka hara shaalla,parkii hara shaallaa,allaattilee kanniin akka shaalloo horaa,kan hara shaallaa malee iddoo birotti hin argamne qabdiHaalli qilleensa ishee badda daree... Aannaan kun kibbaan saba sidaamooon,kaabaan aanaa jiddoo,bahaan aanaa shaashamannee,lixaan aanaa siraarootiin daangeffamti.
ODDEEFFANNOO DABAALATA: seenaa gootitti oromoo kanaa argachuuf; wbsite: om.wikipedia.org/wiki/ Tigist_Maammoo yoo jettan ni argattu!
Muhaammad Zaakir Muhaammad Zaakir (1949 - 1977), maqaa Mayra jedhamuun irra caala beekkama, qabsaawaa mirga Oromoo naannoo Oromiyaa bahaatti hedduu beekkamu. Muhaammad Zaakir qabsoorratti hidhattoota Somaaletiin ajjeefame. Section::::Seenaa Duubaa. Muhaammad Zaakir bara 1949 Galamsootti abbaasaa Umar Aliyyii fi harmeesaa Meeymuunaa Saadiq irraa dhalate. Muhaammad ijoollummaa isaatti mana barnoota Islaamaa seenee amantii baratee ture. Itti aanse barnoota ammayyaa Galamsoo fi Cirootti barate. Barnoota sadarkaa olaanaa barachuuf, Koollejjii Teekniikaa Finfinneetti (Tagbaara-id) galmaa'ee ogummaa barachuu jalqabe. Barumsa odoo hinxumurin addaan kutee qabsoo Oromoo keessatti hirmaachuf gara Carcar deeme. Muhaammad barumsa dhiisee qabsootti makamu isa kakaase sochii qabsoo Elemoo Qilxuu fi Hundee ture. Hiriyaa fi firasaa kan ta'e Ahimad Taqii, Muhaammadin Elemoo wajjin wal barsiise. Muhaammadiif, ittii gaafatamummaan kennameef dhimma basaasuu fi dhiyeessii (loogistiikii) ture. Kanaafis, waan loltoonni nyaatanii qopheessuu fi odeeffannoo barbaachisaa funaanun hojiisaa ture. Muhaammad garuu riphe-loltoota Oromoo sanatti galee isaan wajjin hinjiraatu ture, kunis murtii geggeessan waraanichaa Elemoo Qilxuu ture. Elemoon Muhaammad akka inni waraana keessa odoo hintaane ala turee hojjatu barbaade. Gaaf tokko yeroo inni Gubbaa Qorichaa bakka loltoonni Elemoo fi Hundee jiranii yeroo deebi'u, tikaa nageenyaa Dargiin qabamee mana hidhaa gale. Fulbaana 5, 1974 Waraana Xirrootti geggeeffame booda, yeroo sana reefu dhaabachaa kan ture Dargiin, fulaasaa gara ummata magaalaa, daldaltoota fi hayyoota magaalaa Galamsoo, Baddeessaa, Machaaraa, Bookee fi Balballeettii dimshaashan guuree mana hidhaatti naqe.
Warra hidhaman kana keessaa namni saddeet mana murtii waraanaa duratti dhiyeeffamuuf gara magaalaa Hararitti geeffaman. Namoonni saddeettan kun Muhaammad Rashaad (obboleessa Ahimad Taqii), Ahimadal-Haadii Huseen (obboleessa Muhaammad Zaakir), Mohaammad Bakar, Najaash Ismaa'el, Ismaa'el Ahimayyuu, Amiinoo Abdulrahmaan (Amiinoo Tuutii) fi Wayyaa Ibroo (Abubaka Ibraahim) ture. Mayraa fi hidhamtoonni torban mana hidhaa Aw-Izin keessatti hidhaman. Erga gaaffiif deebiidhaan qorannoo hedduu irratti geggeessee booda, manni murtii waraanaa kutaa biyyaa Harargee jara saddeetanittu du'a itti murteesse. Boodarra bara 1974 yeroo Dargiin hidhamtoota siyaasa dhiifamaan akka gadi-lakkifaman labsuu, Mayraa fi warri isa wajjin hidhaman mana hidhaatii ba'an. Oduma umuriinsaa 20 keessa jiru, Mayri dargaggoota fi qonnaan bultoota gurmeessee gumii Tuuta Bariisaa jedhu dhaabe. Miseensot gumii Tuuta Bariisaa fudhatee gara Somaaliyaa deeme. Gara Somaaliyaa kan deemaniifis mootummaa Ziyaad Baarree kan reefu hundaa'ee turerraa gargaarsa gaafachuuf ture. Somaaliyaadhaa birgeedii tokkoo fudhatee ajajaa ta'e gara biyyaatti deebi'e. Birgeedin kun Oromoota qofa odoo hintaane loltoota Adda Bilisummaa Sumaalee Dhihaa (Ingiliffaan WSLF) kan obboleeyyan keenya Oromoo gargaarra jedhan of keessaa qaba ture. Birgeedin Mayraa loltoota Dargii kan aanaa Bookee fi Daaroo Labuu keessa jiru guutummaan barbadeesse. Mayri waraana geggeessurrati dandeetti fi gootummaa guddaa qaba ture. Loltoota Dargiis naannoo baadiyaa Bookee, Daaroo Labuu keessaa baasee. Section::::Ajjeefamuusaa. Mayri jalqabumaa kaasee hariiroo Adda Bilisummaa Sumaalee Dhihaa (ABSD) wajjin qabu of eggannoon geggeessaa ture. Yeroo muraasa booda, Sumaalonni ummanni Oromoo akka isaan Sumaalee Aabboti ofiin jedhan yeroo dirqisiisuu jalqaban, Mayri isaani walitti bu'uu jalqabe.
Wanti irra caala guddaa isa naasise tokko ammoo loltoonni ABSD lafa Oromoo kan bilisa ba'e keessatti alaabaa Rippabiliika Somaaliyaa fannisuu isaaniti. Mayri hojii hammeenyaa ABSD kanatti hedduu aaree "nuti Oromoodha, mirga ummata keenyaf lolla. Nuti ergamtoota Ziyaad Baarree miti, diinaa hamaa lama gidduudha filannon hinjiru. akkuma warra Abashaa lollu, ABSDs nilolla" jedhee dubbate. Sana booda loltootasaa gara ABSDtti garagalchee waraanuu jalqabe. Loltoonni Mayraa ABSD waraana hedduurratti injifatee guutummaatti Daroo Labuu keessaa baase. Waraana ittuma fufuun aanaa Bookee keessatti odumaaisaan waraanaa jiruu, ABSD loltoota dabalataa Somaaliyaarraa dhufaniin humna dabalatee buuftaa loltootasaa irratti waraana banani. Waraanni ABSD wajjinii kun hanga bona 1977 ittuma fufe. Dhumarratti, Mayri Lola Kurfaa Rooqaa, kan magaalaa Bookerraa gara kibbaatti 30km fagaatte argamturratti geggeeffameen wareeggame. Section::::Yaadannoo. Seenaan Mayraa baayyee barreeffamuu baatuyyuu, Mayri ummata Harargee biratti akka goota guddaatti ilaallama. Gumaachi Mayraa yoomiyyuu kan dagatamu miti: yeroo qabsoon Oromoo waan laafte fakkaattutti deebisee finiinse. Barreessaa Tewoodiroos Mulaatuu kitaaba Amaariffaan barreesse kan "Akeldaamaa" jedhamu keessatti, Mayra akka goota guddaatti dhiyeesse. Tewoodiroos fi Mayri mana barumsaa tokkotti waliin baratan. Kan barreeffama kana adda godhu Tewoodiroos lammummaan Oromoo ta'u dhiisuu isaati. Weelliss beekkamaan yeroo ammaa biyya Kanaadaa jiraatu Elemoo Aliin, jaallewwan waraana Xirroorratti du'aniif akkas jedhee weellise: Dhigni Keessan Yaa'ee Carcar Xirroodhattii
Dhagatti Goggogee Ititee Biyyattii
Margaa Meyra inni hinbiqilchinee?
Ummata Dammaqsee Sossoose Qabsotti
Nu hordofaa Jedhaa Daandii Warraqsatti
Ummata Dammaqsee Sossoose Qabsotti
Nu hordofaa Jedhaa Daandii Warraqsatti
Oonchooseersii'aasiisii Oonchooseersii'aasiisii, akkasuumas jamiina tiruu jedhamee kanbekammuufi dhibee Roobiisii dhiibee faalama raamoo maxantuu "Oonchooseersaa voolvuuloosii dhan kan dhufuu dha". Malatoolen kan argamuu danda'aan , dhaqanaa chaachuu, googaa jala dhitahuu fi jaamina dha. Sababoole ija jaamsan keesaa lamaffaa iraati argama. Raamichi maxanttuu kan babal'atuu ciniinaa titisakan "Simuuliniiyaii" fakaatuu. Dhukkuubichann faalamuun yeroo bay'ee hiddamun dhuufa. Titisoonii naannoo lagaa jirraatuu, kanaafuu moogaasa maqaa issani . Namaa kessa erga galee booda, rammoolenlarvaa umuukuunis akka raamoolen gara googgaa namaati dema. Yeroo kana tiisiisa guraacha nama hidduu faaluu danda'uu. Qorranaa isaa gochuf mallootnii addada, kan akka baayoopsiigoogaa saaliinii barammaa ira goochuunifii haamaa laarvaan dhuuffuu ilaauu, ija laarvaa kesa ilaaluu, fi raamoo gaheessaaf dhitoo kessaa ilaaluudhan. Talaallindhuukuubichaa hin argamnee. Itiisnii isaa tisiisaan hidammuu irraa off eeguuniidha. Kuunis kan goodhamuu danda'uu wantoota iilbiisoota dhiibanii faydammuu fi uffatasirriti uffachuudhaani. Caraaqiin birraa baay'iina titisootaa farra ilbisootaa afuufuun hir'iisuu faa ta'uu danda'a. Carraaqiin dhibee kana baleesuu,garee namootaa naanoolee aduunyaa heduu wagaatii yeroo lama wal'aanuunidha. Wal'aansii namoota faalaman qoorichaanii dha iinveermeektiiniiyeroo ji'a 6 fi 12 gidduu jirru. Wal'aansiichii laarvaa ajeesa garuu ramoo gaheesa hin ajeesuu. Wal'aasiichiidooksiisaaykliinii, kan nama ajeesuu eendoosiiymbiiontii/kan walqabateebaakteeriyooleee "Woolbaachaayii" kan ramoolee dadhabbsuufi namoota tokko tokknon kan gorfamuudha.
Wal'aasiichiidooksiisaaykliinii, kan nama ajeesuu eendoosiiymbiiontii/kan walqabateebaakteeriyooleee "Woolbaachaayii" kan ramoolee dadhabbsuufi namoota tokko tokknon kan gorfamuudha. Dhitoo googaa jalaa baqaqsanii bassunis ni danda'aama. Namootnii miiliiyoona 17 fi 25 gidduu jiran dhibbee tirruu jaamaattiin qabamani, kan 0.8 milliyooniiti tilmaamaman ijjisaani jameera. Faalamootni bay'een kan uumaman biyootaa Afriikaa Sahaaraa gaddii, hata'uus mallee dhimmoolin Yamaaniifii naanoolee addan bahaan Ameeriikkaa giddu galafiAmeeriikaa kiibbaa irras gabafaamaniirruu. Bara 1915 kesa, ogeesiichii fayyaa Roolfoo Roobileesiiyeroo raammicha dhuukuuba ijaa wajin walqabsiiseera. Buffatnii fayyaa adunyaa,taree dhuukuuba gamoojii dagamaatamii irrati ramadeera.
Seenaa ashanafi waaqa goobana baalee baalee gaariidha Seena Obbo Ashanafi Waaqoottif Gaalatoma Yaalammii Koohamtuun isinhinargii Ani Kan Baradhuu Manaa Barumsaa Sad.2ffaa Marsa.1ffaa Kercha Kulkuleettii Galaatoomma Horaa Bulaa
Sabbata isa lammataarratti, halluu diiman karaa keessa oola.
Asaffaa Shaaroo Lammii Asaffaa Shaaroo Lammii gooticha naannoo Salaaletti sirna abbaa lafaa fi cunqursaa mormaa ture. Section::::Seenaa Duubaa. Asaffaa Shaaroo Lammii Oromiyaa Salaalee Aanaa Kuyyuu Darroottti dhalatee guddate. Asaffaan abbaa isaaf ilma hangaafaa fi tokkichadha. Abbaan Shaaroo, Lammiin Darrootti sababa gabbara dideef gara Dhahee Sillaaseetti Asaffaa ilma isaa tokkicha kana qabatee godaane. Maqaansaa Asaffaa Lammii yoo ta'u gootummaa isaa, qolannaa shimalaatin gaafa leellifamu Asaffaa Shaaroo jedhanii waamu. Innis diina shimalaan akaa'ee, gobee, ashaaroo godhee waan galuuf kanumarraa ka'uun maqaa Masoo Asaffaa Shaaroo Lammii jedhanii waamuu eegalan. Asaffaan Abbaa ijoollee dhiira sadiiti. Asaffaan Ijoollumaa isaarraa kaasee onneen Oromummaa fii dhiirummaa kan keessatti dagaagaa guddateedha. Abban isaa Lammiin dhiira diinaf tole hin jenne waan tureef, gootummaa abbarraa dhaale fakkaata. Abbaasaa waliin Nafxanyoota adamsanii gobaa turan. Gabbaras akka isaan Oromoo irraa hin fudhanne gobanii irraa dhorkaa turan. Asaffaan dhalatee waggaa soddomii lamaan kan mana hidhaa, achuma magaalaa guddoo Salaalee Fiichetti waggaa torba, jiboo kiloo shantamaan miila isaa lamaan walitti hidhanii harka isaa lamaan ammoo fuulduratti walitti hidhuun waggaa torba teessisan. Aseen gaafa qabamu sana, otoo mana dhugiitii taa'anii hiriyootasaa waliin taphataa jiraniti, nama kudha lama ta'anii qabuuf dhufan. Hiriyyonnisaa gaafa argan, Asee kunoo kaa sii dhufanii jedhanii itti himan. Aseenis filannoo biraa waan hin qabneef dheeffuu filate. Jara qabuu dhufan keessaa ajajaan shantamaa isaanii fardaan jira. Asaffaan, karaa boroo bahee fiigicha itti kute. Ajajichi fardaan jira waan ta'eef, ari'ee gaafuma Asaffaan mana saatti dhihaatuu bira gahe.
Asaffaan itti garagaree shimalaan fardasaa adda rukutuun jalatti lafaan dhahe. Eegaa itti garagaree hin ilaalee, fiigee mana gahe 'shugguxii Musgeerii isaa fudhatee of-duuba itti deebi'e dhaqe. Kun kan ta'e gabaa roobii bakka jedhamutti achuma ganda inni keessa jiraatu keessa. Jarri kudha tokkon baqattee badde. Ajajaa isaanii rasaasa takkaan lafaan dhahee biraa deeme. Gaafa kana nama baayyisanii humna dabalataa fidanii dhufan. Asaffaan harka duubati hidhanii fudhatanii Fiicheetti geessan. Hidhaa waggaa torbaas itti murteessan. Iddoon inni itti hidhame lafa jalatti boolla qotanii namarraa adda baasuun kobaa isaa hidhan. Isa gubbaatti ammoo hidhamtoota biraatu hidhama. Kana malees torbaan tokkof midhaan dhowwatanii jecha sanyummaatin arrabsaa turan. Nyaata dhaburraa kan ka'e waan nyaatu dhabee torbee tokkoof biyyoo nyaatee du'a jalaa oole. Kana malees bakka inni miila lameenifii harka walitti hidhamee jirutti boolla keessa waan ta'eef hantuunni itti yaatee ciniinuuf gaafa jettu harkaan ofirratti ajjeesa ture. Maal kana qofa guyyaa tokko jala deemtonni ajajichaa itti dhaqanii tuffii isaa fi saba isaaf qaban argisiisuf "gaallaa" jedhanii gaafa arbsan, onneen dhirrumaafii quqqamnni sabumaa utaalchisee kaase. Achuumaa ol utaalee ka'ee harkuma walitti hidhamee jiruun, danqaraa balbalaatiin nama torba gamaa gamasitti gogonbise kuffise. Ajajichi dhufee mallattoo diimaa addaasaa irratti dibe, akka ajjeefamuuf. Asaffaanis "Obboo gochaa keessan kana nan falmaa" jedheen. Sababni isaas ani kunoo akkuma na argitan kana "jiboo" giraama shantamaan miillikoo na hidhamee, harkoollee akkasuma, akkaminaan jara kan ilaa tokko kan kufe garana tokko kan kufe garas mee akkamiin socha'ee jara kana rukuta jedhe gaafate?
Sababni isaas ani kunoo akkuma na argitan kana "jiboo" giraama shantamaan miillikoo na hidhamee, harkoollee akkasuma, akkaminaan jara kan ilaa tokko kan kufe garana tokko kan kufe garas mee akkamiin socha'ee jara kana rukuta jedhe gaafate? Namichi mataa qabatee iyyee "jedha irraa hiikaa" jedheen. "Gooftaa koo akkamin hiikna yoo hiikne nu fixaa" jedhani didan. Garuu, xiqqoo akka sochaa'uu danda'utti itti bal'isaniif. Haaluma kanaan waggaa torba dararaa meeqa arganii guyyaa murtii saa fixuun bahe!
Gochima Gochimni, hima keessatti, jecha gochaa raawwatame/Antima agarsiisu.
Fufii Fufiin dhaamjecha hirkataa jechoota irratti maxxanuun tajaajila kennu.
Griinlaandi Griinlaandi biyya Ameerikaa Kaabaa keessa jirtu.
Mariiloos Birmuudiizi Mariiloos Birmuudiizi beekamaa taatuu keessa Meeksikoo.
Huseen Soraa Akka yaada Namota Adda adda irraa Hubannetti,Adda Bilisumma oromoo Maqa fi Alabaan Isa jijjiramu qabaa.Yaada Namota Ethiopia qabate falmatu qaba malee yaada ummata Oromo qofa yoo ta'e fagotti hin ademsisu.Ummata Oromo qofaf Osoo hin ta'in Ummata Ethiopia maraaf dhaabbachufi deggaru qaba.Reformi yaada dulloma adda adda gagessu qaba,akka ummata biratti fudhatama qabu.kanas dabalate ABO'N Motummaa Islamumma ummachufis ummata jedhu hedduu dha.yaada kanas ballessu fi qabataman agarsisu qabu.
silaa itti yaadame ABRAAHIM MAHAAMAD ABDULAAHI
Faatee Eebbi Arsii ( yookan Eebba Sikkoo fi Mandoo) akka waliigalaatti maqaa faatee jedhamuun waamama. Faateen eebba Oromoo Arsii waan afur irratti bu'uurefateedha. Isaanis ta cidhaa, ta boohaa, ta dhibaayyuu fi Jiloota Uumaa fi Uumee Arsii gurraachaatiin wal qabataniiti. Wanti gaafa gammachuu jedhamu kadhaa gadda jalaa woyyoomuu keessatti hin jedhamu. Haa ta'uu malee seensi faateewwan hundaafuu tokkoma. Arsiin yoo eebbifatu dhiltee dhinnaa ykn iltee dhinnaa jedhee jalqaba. Kunis yoo hiikamu na hoffolchaa akka jechuuti. Erga hoffoltii gaafate booda ammo ijarraa hafaa nu hambisaa jedhee eebba isaa itti fufa. Seensa irrattis Faatee Waaqa lafti sii dhagahi jedhama. Section::::Eebba Arsii. Dhiltee Dhinnaa... Hoffolaa Dhiltee Dhinnaa... Hoffolaa Dhiltee Dhinnaa... Hoffolaa Faatee waaqni dhagahi... Dhagahi Lafti sii dhagahi... Dhagahi Gadaan dhagayi... Dhagahi Gadaamoojjiin dhagayi... Dhagayi Dhibbi dhagayi... Dhagayi Dhibaayyuun dhagayi... Dhagayi Gadabitti nu galchi... Galchi Gadaa nu hulluuqsisi... Hulluuqsisi Waraana qaqeessi... qaqeessi Oromoo qaqatti nuu bulchi... bulchi Doloolloo yaasi... Yaasi Yaa’aa gabbis... Yaasi Jinfuu tuuli... Tuuli Tuulaa diinaa diigi... Diigi Oromoo biifaa si godhi... Si Godhi Biiftuu ganamaa si godhi... Si Godhi Ejersa gaaraa si godhi... Si Roobi Korma nyaaraa si godhi... Si Roobi Bokkaa sii roobi... Sii Roobi Bokkuu sii moosisi... Sii Moosisi Laftana ititi... Ititi Itittuu nu obaasi... Obaasi
Beejiingi Beejiingi (Chaayiniffa:北京),Magaalaan guddoon Chaayinaa。
Umrii dheerina, fayyaa guutuu isaaniif hawwina.
Bara 2016 bayinna ummata 780 calu biyyotta.
Sosooloojii sosoolojii:jechuun saayinsii qorannoo hawaasa jechuudhaa walumaa galatii saayinsii aadaa,jirenyaa,walitti dhufenyaa fi garagarumaa hawasaa tokkoo fi tokko jiddu jiruu kan qoraatudhaa
Muddeen ji`a baay`ee ho'aa fi yeroo Etiyoophiyaanonni keessattuu Oromoonni oomisha isaanii itti sassaabuu jalqabanidha.
magalaan Wallqixxe jedhamttu bakka kanattu kn argamtuu yoo ta`u, kanii isiin hundofta baraa 2003.
Yeroo kana abbaan manaa gowwaan sun, “Ana kophaatti dhiistee kophaashee bassoo barbareedhaan nyaattii” jedhee innis bishaanicha keessa seenee lubbuun warra lamaanii bishaaniin badde jedhama.
Marsariiti Oromoo kan intarneeta gubba mullatan.
Leonardo da Vinci Li'onaardo da Viinchi (; IPA: liːəˈnɑːrdoʊ ˈvɪntʃi; 14/15 Ebla 1452 - 2 Caamsaa 1519) polymath xaaliyanii kan gaafa Haaromsaa Ol Aanaa kan bal'inaan dibaa gurguddoo yeroo hundaa keessaa tokko ilaalamudha (dibata isaa 25 gad ta'an qofti hafuus). Monaa Lizaan hojii Li'onaardo akkaan beekamaa fi fakkii akkaan beekamaa yeroo kamu ta'eedha. The Last Supper dibata amantaa baay'ee maxxanfame yeroo kamuu yoo ta'u fakkiin isaa Vitruvian Man immoo kan akka mallattoo aadaa ilaalamuudha. Akkasuma kitaabota yaadannoo isaa gubbatti fakkii fi yaadanno saayinsii fi kalaqa kannen anatomy, cartography, halluu dibuu, fi palaeontology dabalatu irratti hojjatuun beekama. Kuusaan Hojiiwwan Li'onaardo kan Michelangelo qofaan walgituun dhaloota artiistoota boodaaf gumaacha godheera. Sirriitti Leonardo di ser Piero da Vinci jedhamu,[d d Leonardo kan dhalate wedlock gara notary, Piero da Vinci, fi dubara peasant, Caterina, Vinci, naannoo Florence, Italy. Leonardo istuudiyoo haareffama xaaliyaanii painter Andrea del Verrocchio keessatti barate. Jireenya hojii isaa kan duraan ture Ludovico il Moro Milan keessatti, boodas Rome, Bologna fi Venice keessatti hojjete. Biyya Faransaayitti waggaa sadan darbe, bara 1519. tti du ' e. Ta ' ullee leenjii idilee hin qabu,[9] seenaa fi beektota hedduu Leonardo akka muummicha ministeeraatti ′′ Renaissance Man ′′ yookiin ′′ waliigalaa Genius ", nama dhuunfaa ′′ curiosity ′′ fi ′′ yaada hin amanamne ′′ fi ′′ yaada cimaa. "[ 6 6 Inni sirritti yaada namoota danddetti adda ta ' e kessa tokko kan akka jirenya hin qabnne. [10 • Akka artti seena Helen Helen Gardner, scope fi fedhi isa osoo hin eegin seena galme kessatti, fi ′′ his Sammuu fi eenyummaan keenya waan guddaa nutti fakkaatu, yeroo namichi of danda 'ee fi remote.
[10 • Akka artti seena Helen Helen Gardner, scope fi fedhi isa osoo hin eegin seena galme kessatti, fi ′′ his Sammuu fi eenyummaan keenya waan guddaa nutti fakkaatu, yeroo namichi of danda 'ee fi remote. "[ 6 • Beektonni ilaalcha isaanii addunyaa kana hiikanii logic keessatti hundaa' an, haalli empirikaala inni fayyadame yeroo isaaf hin taanetti. [11 ] Leonardo teeknolojii isaa irra deebi ' ee jira. Maashinii balali ' aa, konkolaataa lolaa gosa lolaa, humna solar, maashinii dabaluu,[12] fi isa dachaa. Firri dizayini isaa muraasni kan ijaaraman yookin yeroo jirenya isati, akka saayinsawa ammayya ' a fi injineringi qofa turani yeroo jijjiramatti. Invention isaa xiqqa tokko tokko, garuu, addunyaa oomishaa hin taane seene, kan akka bubbee bobbin fi maashina cimina shiboo yaaluuf. Inni yeroo tokko tokko walitti bu ' iinsa parachute, helicopter, fi taankii. [13][14 • Inni yeroo tokko tokko anatomy, civil engineering, geology, optics, fi hydrodynamics, garuu inni hin hojjenne Barbaacha isaa maxxansi akkasumas isaan xiqqoo turan saayinsii kallattii irratti dhiibbaa hin qaban. [15]
Le Corbusier La Korbuzye'i (Fireench: /lə kɔr büˈzyeɪ/; Engiliish: Le corbusier; 6 Onkololeessa 1887-27 Hagayya 1965) maqaan dhaloota isaa chaarles-Idwaard Jineret-Giris kan ta'e, arkiteektii fi barreessaa Iswiizarlaand keessatti dhalatee bara 1930moota keessa lammii Firaansi ta'eedha. Inni tiyoorii waayee arkiteekcharii ammayyaa'aan beekama. Dizaayniin isaa fooyya'iinsa manneen jireenya ummata magaalaa gurguddoo of keessaa qaba. Kuni sababa yeroo sana namni hedduun hiyyummaa keessa jiraatuufiidha. Dizaayiniin isaa hedduun addunyaa kana irra ijaaramaniiru. Inni halluu dibuu kan jaallataa turee fi dizaayinii meeshaa manaa dalagutti ogummaa kan qabu ture. Section::::Jireenya ganamaa. La Korbuzye'i magaalaa xiqqoo kaaba Switzerland La Chaux-de-Fonds keessatti guddate. Bara 1907, isaa umurii 19, gara magaalaa Faransaay Paariisitti godaane. Awurooppaa keessa imaluun, yaada haaraa hedduu barateera. Afaan Jarman dubbachu baratuun arkiteektoota beekamoo kan akka "Peter Behrens" waliin hojjeteera. Section::::Waraana Addunyaa. Yeroo waraana addunyaa I, La Korbuzye'i gara Swizerland deebi 'ee barsiisaa ta'e. Yeroo gabaabaattti, hojii arkiteekcharaa mataa isaa dubrii isaa waliin banatee hanga 1940tti waliin hojjatani. Bara 1918 tti hallu dibaa Amédée Ozenfant wal arganii hiriyaa cimaa waliif ta'an. Yaada isaanii walitti fidanii aartii gosa haaraa "Purism" jedhamu uuman. Section::::Waraana Addunyaa - Booda. Lola booda, La Korbuzye'i hanga 1922 tti aartii isaa irratti xiyyeefate. kana booda, appartimantii wal gubba ijaaaramuu ta'u fedhii manneeni namootaa guutuf dizaayinii godhuu jalqabe.
kana booda, appartimantii wal gubba ijaaaramuu ta'u fedhii manneeni namootaa guutuf dizaayinii godhuu jalqabe. Hojii manneeni kun rakkoo paaris keessatti namootni walii baay'atani jiraatan furuuf ture. Akka jedhetti jijjiramni kun ni barbachisa, yookin warri gadi galoon finciluu danda'u. Inni diizaayinii magaalaa namni hawwuu (Ville Contemporaine) kan gonkumaa ijaaramee hin beekne uume. Karoora gamoowwan gurguddoo hedduu foyyeessuf godhameedha. Karoora kana mootummaa Faransaayiif dhiyeesse, didaniin. Ta'ullee hubannoo isaan magaalaa keessatti walii baay'atanii jiraachuu guddiseeraaf. Section::::1930moota. La Korbuzye'i manni ummataa hanga maati isaani irratti malee hammam sooressa akka ta'an irratti hundaa'u hin qabu jechuun kapitaalizimii jibbuu eegale. Section::::Jireenya gama booda. La Korbuzye'i bara 1942 irraa eegalee siyaasa keessatti hirmaataa hin turre. Badala sanii, bilookii manneen xixiqqoo biyya Faransaay keessatti ijaara ture. Section::::Maqaa isaa. Maqaan, La Korbuzye'i, Firenchi dha. maqaa akkoo isaa, Lecorbésier irraa kan foyyeefameedha. Maqaan isaa Ingiliffaan "The crow like one" (Loon akka tokkotti) jedhamuun hiikama. Maqaa kana bara 1920 keessa filate. Section::::Yaada beekamoo. Manni maashina kessa jiraatani jechuun ariiti arkitekchara kessatti ilaala. Kaayyoon maashinii kanaa hojiiwwan namoota isa keessa jiraatanii saffisuudha. Inni yaada mana jireenyaa kobkobii, kutaawwanii fi slabs qofaan ijaaru beeksisee jira. Wantootni sadeen kun mana jireenyaa gosa kamiyyuu oomishuu ni danda'a, warra jireenya isaani kamiifuu.
Matiseen dhukkuba onneen Nice, Alpes-Maritimes keessatti du'e.
Aartiistiin kun kan beekamu maxxansa mukaa "Dambalii guddaa Kanagawaani".
Seenaa Qur'aanaa Quraanni jecha Rabbii guddaa kan namni hundi ittiin akka qajeeluuf karaa nabiyyii keenyaa Muhamned Biin Abdullaahii tiin SAW woggaa 1440 dura kan buufameedha.
Maqaaleen kunneen Rabbiin kan ibsaniidha.
Shariifaa Shariifaan gosa Oromoo magaalaa baha Harar fi Harargee gama dhihaatiin warra jiraatuudha.
IŠhee Išhee jechi jedhu jabaatee wayita dubbifamu jecha raajeffannoo afaan ingiliffaan Shit jedhan bakka bu'a.
Areeroo Boosaroo Areeroo Boosaroo Abbaa Gadaa fi raagi Booranaa woggaa dhibba hedduun dura tureedha. Section::::Raaga. Barri hin dhufa Barri hin lufa. Barri dhufee barri kufa Barri dhufe bara tufa . Gaafasii; Barri naafa namni naafa Gadaa sani Gadaan laafa. Gadaan babarritti Dubbiin dadarritti Ni barraa'alle Ni arraa'alle Ni dharraa'alle. Mirgisaa mirgi darre Mirgoo gabbinni darre Arreedaa miilli darre Nadhoo qayyi darre Qaroo arrabni darre. Dhaltiin darre Dhalchi darre Uuumamni darre Ummanni darre. Barri darre namni darre Maqaa malee nama hin garre Bara namaafi barri dabe Nama keessaa nama dhabe. Horanii horii dachaa Qotanii callaa galchaa Quufanii garaa hin ga'an Horanii dharraa hin ba'an Saani eega'aadha Namni beela'aadha Odoo qabu ofoollata Odoo nyaatu hamoommata Barri raatu namni raatu Nam bar sunii nama hin taatu. Hin dubbatuu hin bubbisa Hin haasahuu hin dhukkisa Burreessaa buufaa ta'a Burree qeerransa ta'a Wolfakkaatee wolii hin galu Wol barbaadee wol hin falu. Namni hin jiru bakka namaa Namni jiru akka lama Abdiin namaa bifa bifa Amma dhaama amma ifa. Bara suni bara darree Maqaa malee nama hin garre. Bara namaafi barri dabe Nama keessaa nama dhabe. Namni yaadu takka takka Yaanni namaa akka akka Qalbiin namaa bakka bakka Oduu callaa ol guddisa Oduu callaan wolbuqqisa. Nyaapha ta'ee wolgata Woliin nyaatee wolhata Wolhin cimsu wolii hin dhossu Wol hin tiksu wolii hin obsu Horii firaa firri hata Haqa firaa firri gata. Bara ilmi abbaa dhagaan dhahu Ilmi abbaa hin dhagahu Haadhaafi abbaa diida bulcha Haadhaa-abbaaf diina tolcha Soddaa hin beeku sodaa hin beeku Hin sodaatu safuu hin eegu. Jedhuu malee jecha hin filu Jedhee jechaan wol hin hilu Midhaan caalaa dubbii nyaata Dubbii dharaa dugdaan baata.
Woldhiiba wol ciniina Woljibba woliin diina Iyya wolii wolii hin bahu Wolii hin galu wolii hin nahu Nyaapha ta'ee wol balleessa Nyaapha caalaa wol madeessa. Of hin beeku wol hin beeku Of hin eegu wol hin eegu Odoo hin beekin beekaa ta'a Waan hin beekneen beekaa dha'a. Hin falfaluu hin farrisa Hin gulufuu hin barrisa Waan hin jirre lafa suufa Waan hin jirre soba buufa. Hin kijibuu xinniqaadha Dhaaba hin qabu miliqaadha Waadaa seenee waadaa nyaata Miilaan yaada miiraan kaata. Odoo qabuu badii danuu Badii adii hin amanu Hin waakkata hin kakata Galma dhugaa hin baqata Dhugaa hin dhugu hin lagata. Keessa hin beeku keessafi ala Waan hin beenne keessa gala Ni qillisa akka dibbee Ni bubbisa akka bubbee Ariifatee murtii labsa Ni jarjara murtii dabsa. Bara suni bara darree Maqaa malee nama hin garre. Bara namaafi barri dabe Nama keessaa nama dhabe. Kaan abaaraa kaan eebbisa Kaan dararaa kaan leellisa Aarii irraa gara hin galu Jaarii isaa irraa irraa hin galu. Ni cawata hulaa cufee Ni gajafa of hargufee Hin qanyisa hin roqomsa Hin nyakkisa hin hobobsa Garuu yaadee yaada hin bahu Waan barbaade bira hin gahu. Barri suni barri boruu Bara sani namni hin horu. Gurri namaa gaafas duuda Waaqa dhiisee nama muuda. Bara saniin barri bahee Bara sani namni gahe; Irbuu galee irbuu diiga Cubbuu hin didu cubbuuf fiiga. Miilli lafatti hin dhaabatu Eessa dhaqaa hin gaafatu Hin adeema hin galda'a Hin qoodama hin harca'a. Tokko ta'uun dharraa taati Uleen haqaa harkaa baati Dhara yaaduun umrii fixa Odoo of dhaaduu barri lixa. Bara sani bara darree Maqaa malee nama hin garre. Bara namaafi barri dabe Nama keessaa nama dhabe . " Jedhe Areeeroo Boosaroo Rogeessi ,Wogeessi, Ogeessi Booranaa Barri inni jedhe boruumoo barana ?
Jedhe Areeeroo Boosaroo Rogeessi ,Wogeessi, Ogeessi Booranaa Barri inni jedhe boruumoo barana ? Akka inni jedhe hin jirruu jarana ?
Nyaata Oromoo akkuma nyaata biyya kamiiyyuu bakka gurguddaatti qooduun ilaaluun ni danda’ama.
Jiruu fi jireenyi kun ammoo amala dhaloota eeguu fi dhaalchisuu of keessaa qaba.
Magaalaan kun magaalaa guddoo Oromiyaa kan taate magaalaa Finfinnee irraa 176 KM fi magaalaa guddoo godina Shawaa Lixaa magaalaa Amboo irraa 48 KM kallattiin lixaaniifi magaalaa guddoo aanaa Calliyaa magaalaa Geedoo irraa 17 KM kallatti bahaan fagaattee argamti.
Dr. Maraara Guddinaa, Galaanaa Gaaromsaa, Hirphaa Ganfuree akkasumaas Weelistoonni Hoora Amboo keessa turaan Magaalaa kana akka jiraatan himaam.
Magaalaan muummeen aanichaa Haroo Dumaali.
Siidnii Siidniin magaalaa guddoo Niiw Saawuz Weels fi magaalaa guddittii Awustiraaliyaa fi Ooseeniyaa ti.
Lammiileen Awustiraaliyaa gara 18,600 ta'an hambaa Itoophiyaa kan qaban yoo ta'u, 5,633 ammoo Itoophiyaa keessatti dhalataniiru.
Walaloo Sidi Boushaki Walaloo Sidi Boushaki (Afaan Arabaa: أرجوزة سيدي بوسحاقي) walaloo caaslugaa Afaan Arabaa hayyuu ti'ooloojii fi hayyuu afaanii Sidi Boushaki (1394-1453) barreessedha. Section::::Waa'ee Sidi Boushaki. Innis Abuu Ishaaq Ibraahim bin Fayed al-Zawawi, exeget Qur’aanaa, hayyuu seeraa fi afaanii, ganda Soumâa naannoo magaalaa Thénia jedhamutti hojii Djurdjura irraa bara 796 HR irraa dhalatee bara 857 AH keessa du’e, itti aansee awwaalame gara laga Meraldene kan Zawiyet Sidi Boushaki gaarreen Khachna keessa jirutti. Kitaabota hedduu kan qabu yoo ta’u, isaan keessaa kanneen beekamoo ta’an: Section::::Ibsa. Walaloo Siidii Boushaakii Kitaabota Afaan Arabaa Addunyaa Islaamaa keessatti caaslugaa ilaallatan keessaa isa tokko jedhamee fudhatama barreeffama asoosamaa Seera caasluga Arabaa Ibsuu Ibnu Hishaam al-Ansarii barreesse. Kitaabota Siidii Boushaakii keessaa galmee caaslugaa arabaa irratti barreeffamoota beekamoo ta'an keessaa tokko ta'ee kan ilaalamu yoo ta'u, barreeffamoonni harkaa fi kitaabonni maxxanfaman hedduun walaloo kana mata duree "Argouzat al-Zawawi in grammar" (Arabic: أرجوزة الزواوي في النحو) jedhuun walaloo kana hiikanii fi ibsan jiru. Section::::Qabiyyee. Hayyuun caaslugaa Siidii Boushaaki walaloo isaa akkaataa meetira walaloo arabaa rajaz jedhamutti keeyyata 150n qindeesse. Barreeffama kana keessatti waa’ee ogummaa inni afaan arabaa prosody fi walaloo irratti qabu agarsiise, kunis walaloo kanaaf fudhatama, dinqisiifannaa fi addunyaa irratti babal’ina kenne. Section::::Cuunfaa. Barreessaan walaloo isaa dheeraa kutaa gurguddaa sadiitti qoode, isaanis seensa, achiis qaama, dhumarratti xumura.
Barreessaan walaloo isaa dheeraa kutaa gurguddaa sadiitti qoode, isaanis seensa, achiis qaama, dhumarratti xumura. Keeyyata ja’an jalqabaa keessatti, barreessaan qabiyyee walaloo kanaa gabaabsee kan dhiheesse yoo ta’u, kunis caaslugaa Afaan Arabaa fi ʾIʿrab akkaataa gosa rajaaziin barsiisuuf kan kaayyeffate yoo ta’u, kunis ibsa gama barattoota afaan Arabaatiin salphaatti sammuutti qabachuu danda’udha. Sana booda barreeffamni walaloo keeyyata 138 boqonnaa afuritti qoodamee dhufe, boqonnaan jalqabaa waa’ee himaa (Afaan Arabaa: الجملة), boqonnaan lammaffaan waa’ee durdurii fi bakka bu’aa (Arabi: الجار والمجرور), boqonnaan sadaffaan waa’ee jechoota addaa parsing keessatti, fi boqonnaan afraffaan waa'ee gaaleewwan addaa parsing keessatti. Barreessaan kun walaloo isaa boqonnaa xumuraa irratti xumuree, aayatawwan ja’a adda baasee qindeessee isaa gabaabsee, Waaqayyoon (Rabbiin) galateeffachuu fi Muhammad kadhachuu isaa ibseera. Section::::Yaadannoowwan. Ogeeyyiin afaanii hedduun walaloo Siidii Boushaakii ibsuu irratti kitaabota barreessaniiru, sababa salphaa ta’uu fi manneen barnootaa keessatti salphaatti kunuunfamuu danda’u irraa kan ka’edha. Seenaa fi hiika kana keessaa, caqasuu dandeenya:
Laa’os keessatti seenaa akka Xin Xay jedhamutu jira; Sanxenky, Thach Sanh Kaamboodiyaa keessatti saroonni cicciree; Ramayana biyya Hindii keessatti; Intala rifeensa urgooftuu qabdu, Mootonni Taayilaandi lamaan wal lolan...
Taaksonoomii ykn xinramaddii Section::::Taaksonoomii ykn xinramaddii. Akka sirna ramaddii ammayyaatti, orgaanizimoonni hariiroo uumamaa qaban irratti hunda’uudhaan sadarkaalee gulantaawwan adda addaatti ramadamanii jiru. Sadarkaaleen ramaddii kun gulantaawwan torbatu jiru. Isaanis, Mootummaa, Murna, Gita, Oordarii(citagtaa), Warra, Qacceefi Sanyiidha. Sadarkaaleen gulantaawwan ramaddii kun tartiibaan xiqqaa irraa gara guddaatti (Sanyii irraa gara Mootummaatti) yookiin immoo guddaa irraa gara xiqqaatti (Mootummaa irraa gara Sanyiitti) tartiibessuun ni danda’ama. Fakkeenyaaf, guddaa irraa gara xiqqaatti. Mootummaa- ramaddii orgaanizimootaa keessatti sadarkaa guddaafi bal’aa ta’eedha. Mootummaan gulantaa olaanaafi kanneen hafan mara ofjalatti haammata. Fakkeenyaaf, mootummaan biqiltootaa, biqiltoota hunda ofjalaa qaba. Mootummaan fangasootaa, fangasoota hunda of keessaa qaba. Murna- murni mootummaatti aanee kan argama. Gitawwan walfakkaatan murna tokko jalatti ramadamu. Fakkeenyaaf, gitni qurxummiilee, amfiibiyaanotaa, reppitaayilootaa, allaattiwwaniifi hoosiftootaa murna kordaataa jedhamu jalatti ramadamu. Gita- gitni oordariiwwan amaloota walitti dhiheenya qaban ofkeessatti hammata. Oordarii/ citagitaa- oordariin warra adda addaa amaloota walitti dhiheenya qaban ofkeessatti hammata. Warra- warri qacceewwan amaloota walfakkaataa qaban ofkeessatti hammata. Qaccee-qacceen sanyiwwan amaloota walfakkaataa qaban kan ofkeessatti hammatudha. Fakkeenyaaf, leencaiifi qeerransi qaccee tokko jalatti ramadamu. Qacceen isaanii Paanteraa jedhama. Sanyii- sanyiin sadarkaa ramaddii keessaa isa xiqqaa ta’ee bu’uura taaksonoomiiti.
Sanyii- sanyiin sadarkaa ramaddii keessaa isa xiqqaa ta’ee bu’uura taaksonoomiiti. Sanyiin orgaanizimoota akaakuu tokkoo wal irraa horuu danda’aniifi dhalattootni isaaniis itti fufiinsaan kan walhoruu danda’anidha. Fakkeenyaaf, nama, leenca, birbirsa, waddeessaafi kan kana fakkaatanidha. Walumaagalatti sadarkaa mootummaa irraa gara sadarkaa sanyiitti yommuu deemamu wal-fakkeenyi orgaanizimootaa dabalaa adeema.
Televijiinii Televijiiniin gosa qunnamtii mallattoo suuraa fi sagalee tarmitara irraa fudhatudha. Kutaan "tele-" jedhu afaan Giriikiitiin "fagoo" jechuu yoo ta'u "-mul'ata" jedhu immoo "visio" /visio/ "arguuf" ("argisiisuu") Roomaa irraa kan fudhatamedha. Walumaagalatti, televijiiniin meeshaa qunnamtii suuraa socho’aa (yeroo baay’ee sagaleedhaan) bakka tokko irraa gara bakka biraatti dabarsuudhaaf gargaarudha. Yoo kun ta'e televijiiniin zeendaa suuraa waraabuu fi suuraa fudhataa lamaanuu of keessatti qabata, garuu akka idileetti fudhataa suuraa qofa waamna. Section::::Seenaa. Bara 1873tti ( 1865 ) Carraaqqiin injinarii Ingilizii Wolby Smith godhe elementiin selenium ifa akka dabarsu mul'ise . Bara 1884tti Paul Gottlieb Nippkow, lammii Jarmanii, diskiin geengoo yeroo diskiin kun naanneffatu hundatti ispiraalii ta'e hojjetee, ifa fuulduraa irraa dhufu boolla keessa darbee dallaa kaameraa seeliiniyeemii irraa hojjetame irratti akka bu'u taasiseera. Ifni yeroo dallaa rukutu ifa sana gara anniisaa elektirikii jijjiiruun fakkii bifa kaarentii elektirikiitiin karaa sibiilaa erguu danda’a. But this time there was no amplifier, kanaaf suuraan ergamaa jiru xiqqaa ture. Waggaa 27 booda bara 1911 Lammiin Raashiyaa Booris Roosing yeroo jalqabaaf teknooloojii SIRTI fayyadamuun suuraa sochii erguu fi fudhachuuf nama jalqabaati. Garuu fakkiiwwan socho’an boca ji’oomeetirii qabu turan, i.e. roga sadii, iskuweerii, fi kkf. Waggaa 7 booda bara 1925 John Logie Baird, qorataan lammii Iskootilaandii, suuraawwan socho'an 2 istaayilized erguu danda'eera, achiis bara 1926.
Suuraa gurraachaafi adii dabarsuun gahaadha. Yeroo kanatti, furmaanni fakkiiwwan ergaman yeroo tokkotti sarara 30 waan ta’eef, fuula namaa adda baasuun rakkisaa ta’us, ni danda’ama ture. Obbo Baird Amajjii 18 1918 du'aan boqotan . (26 Guraandhala 1926) Yeroo jalqabaaf televijiinii irratti mul'ateera. Bara 1927tti Herbert Ives, hojjetaan Bell Labs, sekondii tokkotti suuraa 16 Washitandisii irraa gara Magaala newyoorkii . Itti fufee raadiyoodhaan gara Whippany , New Jersey tti erge . Bara sanatti, Fiiloo Firaanswort sirna televijiinii guutuu isa jalqabaa kan elektirikii iskaaniin qofa hojjetu hojiirra oolcheera . (1920) Buufatni tamsaasa televijiinii jalqabaa Schenectady, New York keessatti baname ; Hanga har'aattis naanna'aa jira. Dhugaa dubbachuuf, sirni televijiinii balʼinaan itti fayyadamu inni jalqabaa bara 1929tti Jarmanitti itti fayyadamaa ture. dha. Bara 1936tti ( 1928 ) Jarmaniin Taphoota Olompikii televijiiniidhaan tamsaasuun kan dandeesse siʼa taʼu, namoonnis taphoota kana kallattiin mana isaaniitti ilaaluu dandaʼaniiru. Sana booda sagantaa gurraachaafi adii jalqabaa Yunaayitid Kingidam keessatti bara 1928tti; Bara 1933 Ameerikaatti hojjetame. Buufatni jalqabaa Afrikaa keessatti Naayijeeriyaa fi Kibba Roodeeshiyaa (amma Zimbaabuwee ) keessatti bara 1952, fi Dhaabbanni tamsa'isa Itoophiyaa (ETV) bara 1956 eegale. Biyyoonni lama - Tuvalu fi Kiribati - yeroo ammaa televijiinii mataa isaanii hin tamsaasan; Haa ta'u malee, tamsaasa biyyoota biroo irraa dhufu achitti ilaalamuu danda'a. Section::::TV halluu qabu.
Section::::TV halluu qabu. Achiis, Caamsaa 26, 1920 A.L.I (July 3, 1928A.L.A), Baird yaaliin jalqabaa televijiinii halluudhaan dabarsuu godhe. Garuu televijiiniin halluu kalaqamus, tamsaasni waggoota itti aananiif irra caalaa gurraachaafi adii ta'ee hafe. Kunis teknooloojiin kun qaala'aa, ulfaataa fi safara gaarii kan hin qabne waan ta'eef. Suuta suutaan bara 1946 ( 1954 ) irraa eegalee biyyoonni gara tamsaasa halluu fi televijiinii halluu agarsiisuu danda’u gurguruutti ce’uu jalqaban. Guraandhala 1946tti, NBC, buufata tamsaasa Ameerikaa, gartokkoon gara Kelleritti jijjiirame; Garuu namoonni hedduun yeroo sanatti televijiinii halluu agarsiisu bitachuu hin dandeenye. Bara 1955 hanga 1959, buufataaleen gurguddoon Ameerikaa biroo, ABC fi CBS, akkasumas gara Keller kan ce'an yoo ta'u, lakkoofsi fudhatoota Keller gadi bu'uu itti fufe. Bara dheeraa gurraacha-adii booda jijjiiramni Klerm hawaasa keessatti fide akka interneetii guddaa ta'uu isaa booda. Jaappaan bara 1952, Meeksikoo bara 1955; Kanaadaan tamsaasa kan jalqabde bara 1958, Gamtaan Awurooppaa fi Gamtaan Sooviyeetii bara 1959, Kootdivuwaar bara 1962, Awustiraaliyaan ammoo bara 1967 . Itoophiyaa keessatti raabsiin Keller bara 1976 irraa eegalee argameera . Bara 1977tti Rumaaniyaaa biyya addunyaa irratti tamsaasa gurraachaafi adii irraa gara tamsaasa halluutti jijjiiramte keessaa ishee dhumaa taate.
Yeroo Yeroon waan taateewwan sassaabuuf, turtii isaanii walbira qabuuf, yeroo isaan gidduu darbe murteessuudhaan hamma sochii wantootaa safaruudha. Yeroon yaad-rimee falaasama, amantii, fi saayinsii keessatti baay’ee qoratame yoo ta’u, mataan garuu hanga ammaatti hiika nama hundaaf bakka hundatti hojjetu qabaachuun hin argamne. Hiikni hojiirra oolmaa yeroo jireenya guyyaa guyyaatiif faayidaa akka qabu kan amanamu yoo ta’u, baroota irraa eegalee itti fayyadamaa tureera. hojmaatni kun hiikkaa hiikuudhaan jalqaba fakkeenyaaf Seekoondii . Hiikni hojiirra oolmaa (jechuun hojiif mijataa ta’e) taateewwan/taateewwan irradeddebii dhaabbataa ta’een uumaman hubachuu fi irradeddebbinsa isaanii murtaa’e sekondii tokko ta’uu labsuun kan uumamu jechuudha . Fakkeenyaaf, dha’annaa onnee irra deddeebi’amee, lulluuqqachuu pendulum, ykn halkan-yeroo guyyaa fi kkf.. Taateewwan kun yeroo hunda waan irra deddeebi’aniif, sa’aatii fi daqiiqaa isaan irratti hundaa’uun labsuun ni danda’ama (innis Sa’aatii 24 galgalaa hanga bari’utti, sekondii tokko yeroo onneen dha’u ykn pendulum al tokko asiif achi deemu fi kkf . ). "Yeroon mataan isaa maali ?" ", ykn "Yeroon jiraa? Moo "Yeroo mataan isaa wanti akkas jiraa?" Gaaffilee hin deebisu. Yeroo ammaa kana yeroon karaa lama mul’ata: Saayintistoonniifi ogeeyyiin teeknooloojii sa’aatiidhaan yeroo safaruuf yaalaniiru. Tattaaffiin kun astronomy fi imala addunyaa adda addaa biroof kaka'umsa ta'ee tajaajileera. Taateewwan haala murtaa’een of irra deddeebi’an durii kaasee yeroo ilaaluuf itti fayyadamaa turaniiru. Fakkeenyaaf, imala aduu samii (guyyaa), boca ji’aa (ji’a), jijjiirama waqtii (waggaa), socho’uu pendulum (lammaffaa) fi kkf.
Yeroo ammaa sekondii tokko kan safaramu firikuweensii dhaabbataa atoomiin seeziyeemii itti dhadha’udha. Barreessaan asoosama Raay Ming bara 1920tti waa'ee yeroo yeroo barreesse, caqasa ammallee beekamaa ta'e, "Wanti waan hunda al tokkotti akka hin taane godhu... yeroodha" jedhu galmeesse, ibsi kun saayintistoota hedduudhaan, kan akka Overbeck, fi John Wheeler . Section::::safaraYeroo ammayyawaa. Sa'aatiin Yeroo amaloota lama qaba: kalaandarii fi sa'aatii . Kaalaandariin yuunitii herregaa yeroo baay’ee safaruuf gargaarudha. Sa'aatiin wanta qabatamaa fayyadamnee darbiinsa yeroo itti erginudha. Jireenya keenya guyyaa guyyaa keessatti sa’aatii guyyaa tokkoo gadi safaruuf fayyadamna, yeroo sana caalaa dheeratu ammoo kalaandariidhaan safara. Section::::Yeroo falaasama keessatti. Falaasamaan Kaatolikii Awugustiin "Yeroon maali?" Kitaaba isaa keessatti akka of gaafate barreesse. Yeroo inni deebiseef, "Namni biraa yoo na hin gaafanne deebii isaa nan beeka, garuu nama biraatiif ibsuuf yoo yaale waan ta'e nan dhaba" jedhee erga ibsee booda sa'aatiin maal akka ta'e beekuu caalaa beekuun salphaa akka ta'e erga ibsee booda waan hin taane. Falaasoonni Giriikii durii yeroon daangaa kan hin qabne, kan darbee fi gara fuula duraa akka ta’e kan amanan yoo ta’u, Awurooppaanonni bara giddu galeessaa yeroon waan daangaa hin qabnee fi jalqaba fi bakka itti geessu ta’uu isaa mirkaneessaniiru. Niwutan, gama biraatiin yeroo hunda yeroon dhaabbataa akka jiruu fi yeroon lafa irra jiru yeroo urjiilee keessa jiruun walqixa akka ta’e ibseera. Gama biraatiin, Leibnitz yeroon walfakkaataa fi dhaabbataa osoo hin taane kan fira ta’uu isaa kaa’eera. Gama biraatiin, Kaant yeroo yeroo xiinxalu, "Yeroon beekumsa jalqabaa yeroo muuxannoon ala dhalannu nu waliin dhalatu yoo ta'u, caasaa sammuun keenya addunyaa dhugaa hubachuuf nu gargaaru oomishudha" jedheera.
. Falaasamni Bergson yeroon qaamaas ta’e uumama sammuu keenyaa miti jechuun lamaan isaanii haaleera. Kanaa mannaa, yeroon jechuun yeroo jechuudha, yeroon mataan isaas kutaa barbaachisaa addunyaa dhugaati, kunis kalaqaa fi yaadannoo irraa kan maddudha. Section::::Yeroo dhugaa hin taane. Akkuma falaasamaan Giriikii Dhaloota Kiristoos dura Antiphon barreesse, "yeroon dhugaa miti, garuu dhuguma yaad-rimee dha." Paramendes, nama Giriikii ta’e, yeroon, sochiin fi jijjiiramni hundinuu addunyaa dhugaa osoo hin taane fakkeessaadha jedheera. Budiistota birattillee yeroon mul’ata sobaa ta’uu isaa yaadni jedhu ammallee hojiirra oola. , Garuu seera uumamaa qorachuuf yeroon dhugaa ta’uu isaa ni amanama. Dhugaadha, fiizisistoonni tokko tokko makaanikiin kuwantum akka gaariitti hojjechuuf walqixxaattoon sun yeroo malee ta'u qaba jedhu. Garuu kun yaada saayintistoota baay'ee miti. . Section::::Hiika saayinsii durii. Walumaagalatti, taajjabdoonni socho’an taajjabdoota dhaabbataa ta’an caalaa taatee tokkoof yeroo adda addaa safaru. Section::::yoomessa. Jaarraa 19ffaa keessa namoonni seera uumamaa qoratan hiikni Niwutan yeroo ilaalchisee kenne amala kaarentii fi maagneetii qorachuuf akka hin mijoofne hubataniiru . Einstein rakkoo saayintistoonni keessa jiran hubatee bara 1905tti furmaata yaada dhiheesse. Furmaanni kun saffisa ifa dhaabbataa irratti kan hundaa'e ture . Akkuma ilaalle (postulation) Einstein saffisi ifa hawaa keessa jiru ilaaltuu kamiifuu (dhaabbataa ykn socho’aa) tokko akka ta’e dubbateera, kanaaf yeroon taatee saanduqa socho’u keessatti fudhatu nama saanduqa keessa jiruuf tokko miti fi nama saanduqa sanaan alatti ilaalu. Fakkeenyaaf, boombiin tokko saanduqa socho’u keessatti daqiiqaa 5f yoo dhoohe, namni ala jiru tokko dhaabbatee ilaalu boombiin sun daqiiqaa 5.5f akka dho’u hubachuu danda’a.
Fakkeenya beekamaa biraa fudhachuuf, obboleettonni lamaan lama yoo jiraatan, isaan keessaa tokko immoo doonii hawaa keessatti saffisa ifaatti dhihoo ta’een lafa irraa kaatee waggaa jaatama booda yoo deebite, lamaan sana dulloomtee argatte, kan deebi’e garuu ammas ta’ee ture dargaggeessa. Sababni kanaa akka Feminist jedhutti sa’aatiin wantoota socho’an kan wantoota hin sochoone caalaa suuta waan fiiguufi. Jechi yoomeessa jechoota "yoom" fi "eessatti" jedhan irraa kan dhufe yoo ta'u, yeroo fi bakka walitti makamuu agarsiisa. Bara durii kaasee ilmaan namootaa yeroo fi bakka walitti dhufeenyaan ilaalaa turan. Erga ti’ooriiwwan Einstein kan sadhataa addaa fi sadhata waliigaalan, walsiminsa yeroo fi iddoo (yoomessa) akka waan bu’uuraa saayinsiidhaaf itti fayyadamaa tureera. Akka yaada isaatti, setting, sababa sochiitiin, ilaaltuu tokko irraa gara isa kaaniitti garaagarummaa kan qabuu fi taajjabdoota hundaaf gatii walfakkaataa hin qabu. Akka yaadotaatti wanti darbe tuuta taateewwan ifni nama ilaalutti erguu danda’u yoo ta’u, gara fuulduraa immoo tuuta taateewwan ilaaltuun tokko ifa itti erguu danda’uudha. Section::::Babal’achuu fi xiqqeessuu yeroo. Jabina yeroo yaad-rimee yaadame dha. Fiiziksii ammayyaa fi sadhata waliigalaa keessatti yeroon jajabaa miti. Akkuma Einstein yaalii Abjataa (Yaalii yaadaa/manaabaa/abjuu) irratti agarsiise, garaagarummaan yeroo taateewwan namoonni saffisa adda addaatiin imalan argan gidduu jiru tokko osoo hin taane ilaaltoota hundaaf adda adda. Boru boombiin lama yoo dhohee taajjabduun tokko dhohinsa boombii lamaan gidduutti sekondii 5 yoo safare, inni kaan ammoo sekondii 6 (saffisa isaa irratti hundaa'uun) safaruu danda'a. Boombiin hafe sababa-qabeessa yoo hin taane (jechuunis boombiin tokko boombii isa kaan hin fidu), tartiiba taateewwanii guutuun jijjiiramuu danda’a.
Taajjabduun tokko boombii diimaan achiis magariisa akka dhoohu yoo arge, kan biraan immoo dursee magariisa sana booda diimaan akka dhoohu arguu danda’a (yaadadhu, kun kan ta’u namoonni gara saffisa ifaan yoo deeman qofa). Akka ibsa Einsteinitti, taateewwan lama tuqaa A fi B irratti yoo uumaman, fi qabxiileen sirna K keessatti yoo wal-irra bu’an, taateewwan lamaan baandii ( si'atokka keessatti uumaman ) kan jennu yeroo ilaaltuun tuqaa M isaan gidduu jiru lamaan isaanii argu qofa taateewwan yeroo baandii sanatti raawwataman. Kanaafuu, yeroon tuuta sa’aatii sirnicha keessatti taateewwan sirna K keessatti uumamuu agarsiisanidha. Section::::Yeroo sadhataa fi yeroo Niwutonii. Fakkiin garaagarummaa yeroo sadhataawa fi Niiwtinawaa gidduu jiru agarsiisa. Garaagarummaan kun kan uumamu jijjiirama Galiilaa fi jijjiirama Lorentz gidduu jiru wal hin simne irraati . Hojiin Galiiloo Niwutoniif yoo ta'u, kan Looreenz ammoo Aayinstaayiniif hojjeta. Sararri ciccitaa gubbaa irraa gara jalaatti yeroo bakka bu'a. Sararri qajeelaa yookiin dhaabbataa fageenyas bakka bu’a (bifa iddooti ). Sararri furdaan qaxxaamuraa qaxxaamuraa ta’e haala ilaaltuu keenyaa bakka bu’a, sararri kun sarara addunyaa jedhama . Tuqaaleen xixiqqoo taateewwan darbanii fi gara fuula duraa bakka bu’u. Qaxxaamurri sarara addunyaa saffisa walqabataa ilaaltuu keenyaas ni kenna. Akkuma suuraa lamaan irratti arginu, ilaalchi saagichaa akkuma ilaaltuun saffisa isaa dabalaa deemuun ni jijjiirama. Xiinxala Niwutonii keessatti jijjiiramni kun dhaabbataa yeroo hin jijjiiru, kanaaf sochiin ilaaltuu taatee amma uumamuu fi dhiisuu isaa hin jijjiiramu (akka diyaagiraamichaatti, taatee sarara qajeelaa keessa darbuu fi dhiisuu isaa).
Akka xiinxala firaatti garuu "yeroon taateewwan ilaallu dhaabbataa waan ta'eef sochiin nama ilaalu darbiinsa ifa nama ilaalu ykn addunyaa hin jijjiiru." Garuu yeroo Niwutonii (xiinxala tasgabbaa'aa) irraa gara xiinxala relativistic tti ceenu yaad-rimeen "yeroo tasgabbaa'aa" jedhu hin hojjetu, kanarraa kan ka'e taateewwan/taateewwan suuraa irratti arginu gama yeroon ol-fi gadi deemu, kunis saffisa nama ilaaltuun murtaa'a . Section::::Yeroon waan jajaboodhaa? Akkuma jireenya guyyaa guyyaa irraa beeknu yeroon kallattii waan qabu fakkaata : kan darbe duubatti hafee kan egeree gara fuulduraatti tarkaanfachaa jira. Kanarraa kan ka’e xiyyaan yeroo kan darbe irraa gara fuulduraatti osoo hin shakkiin socho’a. Haa ta’u malee, seerotni fiiziksii irra caalaan isaanii sarara yeroo hin beekan. Seerotni kana morman tokko tokko akka jiran beekamaadha. Fakkeenyaaf , seerri babal’ina ho’aa inni lammaffaan intiroopiin maatirii yeroo wajjin akka dabalu malee akka hin hir’anne ibsa. Miira kanaan, qorannoon koosmooloojii yeroon hawaa dho’iinsa guddaa isa jalqabaa irraa akka baqatu kan ibsu yoo ta’u, saayinsii ifaa ammoo sa’aatiin optikaalaa ifa kallattii tokkoon akka tiksu ibsa. Sirni safartuu kamiyyuu, qorannoo kuwantum keessatti, yeroon kallattii akka qabu agarsiisa. Yeroo Pilaankii ( ~ 5.4 × 10 sekondii) jedhamuun kan beekamu, ti’ooriiwwan seera uumamaa ammaa keessaa tokkollee iskeelii yeroo kana gadi ta’een akka hin hojjenne ni amanama (akkuma seerotni Niwutan sirna itti dhiyaatu keessatti hin hojjenne saffisa ifaa).Yeroo baay’ee xiqqaa waan ta’eef amma seeraan illee tokko isa gadiitti safaramuu akka hin dandeenye amanama.
Yeroo Pilaankii ( ~ 5.4 × 10 sekondii) jedhamuun kan beekamu, ti’ooriiwwan seera uumamaa ammaa keessaa tokkollee iskeelii yeroo kana gadi ta’een akka hin hojjenne ni amanama (akkuma seerotni Niwutan sirna itti dhiyaatu keessatti hin hojjenne saffisa ifaa).Yeroo baay’ee xiqqaa waan ta’eef amma seeraan illee tokko isa gadiitti safaramuu akka hin dandeenye amanama. Yeroo Pilaankii ( ~ 5.4 × 10 sekondii) jedhamuun kan beekamu, ti’ooriiwwan seera uumamaa ammaa keessaa tokkollee iskeelii yeroo kana gadi ta’een akka hin hojjenne ni amanama (akkuma seerotni Niwutan sirna itti dhiyaatu keessatti hin hojjenne saffisa ifaa).Yeroo baay’ee xiqqaa waan ta’eef amma seeraan illee tokko isa gadiitti safaramuu akka hin dandeenye amanama. Section::::Wabiiwwan. Guulaalaa
Qoodinsi garee mootummaa baayoloojii keessatti adda ta’us, Ameerikaa fi Kaanaadaa keessatti hanga garee ja’a ( Animals, Plants, Fungi, Protista, Arjaeya, Bacteria ); yeroo ta’u biyyoonni akka Ingilaandi, Hindii, Awustiraaliyaa, Laatiin Ameerikaa, kutaaleen Afrikaa hedduun fi biyyoonni biroo mootummaa keessatti garee shan qofa beekamtii kan kennan yoo ta’u, isaanis: Bineensota, Biqiltoota, Fangiiwwan, Pirootistii fi Baakteeriyaa.
Kutaan kun kutaa hanqaaquu adiin kan haguugame yoo ta’u, madda vitaaminii fi albuuda adda addaati.
Isaan keessaa afur, ayoo, yuropa, Ganimedii fi kaalisto, ji’oota Galiiyoo jedhamuun beekamu.
Bear Qarambullee Bagudni ykn Qarambullee garee hoosistoota gurguddoo addunyaa guutuutti bakka jireenyaa adda addaa hedduu keessatti argamaniidha Gosoonni risaa lubbuu qaban 8 jiru .
Har’a gosootni ispoonjiiwwan ammayyaa 5,000 ol kan beekaman yoo ta’u, naannoo dambalii gidduu jiru irraa kaasee hanga gadi fageenya m 8,500 (29,000 ft) fi isaa ol ta’etti lafa kamiyyuu irratti argamuu danda’u argatte.guyyaa guyyaan argatta.
Tokkoon tokkoon qooddiin sardakaa kanaa digirii(gulantaa) (o) jedhama.Iddoo bu’een yuunitii gulantaa kanaa (oC) yoo ta’u digirii seelshiyesii jedhamee dubbisama.
Fakkeenya qurxummiilee tilaapiyaa, shaarkiifi kan kana fakkaataniidha
Amma hidhni ayoonii lamaan gidduu jiru akka maagneetii pozaatiivii fi negaatiivii gidduutti hojjeta; Soogidda dha.
Seelonni caasaa bu’uuraa tokko kan qaban ta’us, seelonni baay’ee adda ta’anii mul’atu.
Biyyoonni baay’een isaaniis doolaara akka maallaqa lammaffaatti fayyadamu.
Istaadiyeemichi namoota 35,000 qaba.
Warqee Warqee ykn sokko Au bakka bu;a
Lakkoofsi atoomikaa isaa 4 dha.
Akkasumas, Frege Jarmanii "Yaayan saayinsii qo'annoo seera hunda caalaa waliigalaa ti" jedheera.
Saatalaayitii Saatalaayitii jechuun Baatii jechuu dha. garu saatalaayitiin asii ol erginu immoo Baattolchee jedha. Biyyi teenya Itiyoophiyaan waggaa sadi dura, saatalaayitii takka gargaarsa mootummaa Chaaynaatiin gara hawaa erguun isii beekkameera. Saatalaayitiin observatory taate ykn ammoo lafa akka qorattuuf ergamte tun seenaa biyya keenyaa keessatti tan jalqabaati. Odeeffannoowwan garagaraa walitti qabuun guddina biyya keenyaatiif gumaacha akka gootu himamee tura. Saatalaayitii jechuun maashina asii qofa ergamuu miti. Fakkeenyaaf lafti teenyas Saatalaayit jedhamuun beekamti. Dimshaashumatti saatalaayit jechuun waan lafjoo tokko irra naannawu jechuudha. Haala kanaan lafti nuti irra jirru tun aduu irra waan naannooftuuf saatalaayitii aduuti. Addeessi lafarra waan naannayuuf satalaayitii lafaati. Maashinoonni biyyoota garagaraatiin ergaman ammoo dachii fi Plaanetota biraa irra naannawa odeeyfannoo waan funaananiif satellite jedhamanii waamaman. Barruu tanaan qabxiiwwan muraasa waa’ee saatalaayitii isinii dhiheessina. Hawaa keenya keessa Saatalaayitiiwwan kumaatamaan laakkawamntu jira. Gariin isaanii haala qilleensaa hordofaa odeeyfannoo nuuf kennu. Kan dachii fi wantoota hawaa keessa jiran cufa suuraa akka kaasaniif qofa ergamanis ni jiru. Gama biraatiin saatalaayitiin odeeyfannoo ykn communication satellite jedhaman ni jiru. Isaan kunniin dambalii TV fi Raadiyoo akkasumas dambalii telefoonaa tamsaasuudhaaf tajaajilu. Saatalaayitiiwwan GPS ykn Global Positioning kan 20 tahan ni jiru. Saatalaayitoonni kunniin gareen dalagu. Telefoona GPS qabu yoo qabaattan gargaarsa Saatalaayitoota kanaatiin bakka barbaaddan dachii tanarraa ilaaluu dandeessu. Saatalaayitiin jalqaba gara hawaa ergamte Sputnik 1 jedhamti. Gamtaa Sooveetii Raashiyaatiin bara 1957tti gara hawaa ergamte.
Saatalaayitiin kubbaa fakkaattu tun bal’ina diyaameetrii seentimeetira 58 qabdi. Ulfaatinni isii ammoo kilograama 83 taha. dachii teenyarraa Kilomeetira 800 ol fagaattee naannayaa turte. Saatalaayitiin tun saffisa guddaa qabdi. Sa’aa tokko keessatti Kilomeetira 28,968 kan fiigdu yoo taatu, daqiiqaa 96 keessatti dachii teenya irra naannayaa turte. Dachii tanarras yeroo 1,440 naannawuu isiitu himama. Ji’a sadihiif eega dachii tanarra naannofteen booda sababa baatiriin dhumateef bara 1958titti caccabde. Haga ammaatti saatalaayitoonni 8,378 caalan gara hawaa ergamanii jiru. Kanniin keessaa gariin deebi’anii gariin ammoo caccabanii kufuun yeroo ammaa saatalaayitoonni 4,994 hawaa keessa akka jiran beekameera. Haa tahu malee hundi isaanii hin dalagan. Hanga Bara 2019tti saatalayitoota 1,800 tahantu seeraan dalagutti jira. Saatalaayitoota gama samii ergaman keessaa tan yeroo dheeraaf samii keessa turte Vanguard 1 jedhamti. Saatalaayitiin tun Bara 1958titti Ameerikaan gama hawaa kan ergamte. Haga ammaatis achuma jirti. Haa tahu malee sababa garagaraatiin bara 1964tti walqunnamtiin lafa waliin qabdu addaan citee jira. Ammas hawaa keessa akka jirtu suuraawwan garagaraa irraa beekkameera. Satalaayitoonni ulfaatina garagaraa qabu. Comminication satellite warri jedhamanii fi dambaliiwwan TV, raadiyoo fi telefoona daddabrsan haalaan gurguddoodha. Guddinni isaaniin makiinaa minibaasiitiin wal qixa. ulfaatinni isaaniitis Kilograama 5400tti dhihaata. xixiqqoon ammoo kilograama 1 qofa ulfaatanis ni jiru. Hawaan teenya bal’oodha. Rabbi bal’isee isii uume. Ammas bal’atutti jira.
Ammas bal’atutti jira. Kanaafuu saatalayitiiwwan gara hawaa ergaman heddummaataa jiranis walitti bu’iinsi isaan jiddutti mudatu hin jiru. Haga ammaatti yeroo tokko qofa akka walitti bu’an gabaafameera. Kunis bara 2009tti yoo tahu, kan walitti bu’an Saatalaayitii Ameerikaa fi Raashiyaati. Kanaaf sababaan dogoggora gaafa jalqabaa uumame akka tahes gabaafameera. Rabbi hawaa keessa falaka ykn Orbit heddu qopheesseera. Saayintistoonnis saatalaayitii takka wayta ergan orbiitii tokkorra kaayan. Saffisa ittiin deemtus ni murteessan. Kana booda Saatalaayitii biraa Orbitii biraa irra kaayan. Haala kanaan walitti bu’iinsarraa hafan. Tarii yeroo ammaa kana heddummaachuun isaaniitii fi hedduun isaanii ammoo dalagaa dhaabuun isaanii if duraaf rakkoo tahuu akka malu tilmaamameera. a. miidiyaa kanarraan Ul
Kana irraas, ji‟I tokko guyyoota 29.5 kan qabaachuu danda‟u ta‟uufi guyyoota kanniin heduuf haalli ji‟aa murteessaa ta‟uutu hubatama.Biyyoonni akka Chaayinaa durii, Hibruu, Roomaa, Seeltisiifi Jarmaniifaa akka ji‟a irratti dhaha dhahachuu kan hundeeffataniifi itti gargaaramaa jiran ta‟uu addeessa.
Gosti xiqqaan A. buselaphus tora Itoophiyaa fi Ertiraa keessatti argamu akka badu yaadameera; 250 qofatu hafe jedhama.
Faalama Qilleensaa Fi Naannoo Jijjiiramni qilleensaa addunyaa guututti yaaddoo hamaa tahee jira. Sababaa faalama qilleensaatiif gaaga’ama guddaatu dachii tanarra gahutti jira. Ilmi namaatiifi lubbu qabeeyyiin heddu sababaa faalama qilleensaa miidhaa jabduu keessa kan jiran yoo tahu, rakkoon kun addunyaa guututti yaaddoo guddaa tahee jira. Wagga waggaan balfi Kilograama biiliyana 6 tahu bishaan keessatti gatama. Balfa kana keessaa irra jireessi isaa feestaalaa ykn miikkaafi plaastikoota garagaraati. Sababa kanaanis lubbu qabeeyyiin bishaan keessa jiraatan kan miiliyonaan laakkawaman lubbuu dhabutti jiru. Lammiileen Ameerikaa baay’ina ilma namaa addunyaa tanarra jiru keessaa parsantii 5 qofa tahu. Haa tahu malee qabeenya addunyaan tun qabdu keessaa parsantii 25 kan tahu isaantu harkaa qaba, balfaa fi xurii addunyaan tun ittiin rakkattu keessaa parsantii 30 kan tahus isaantu oomisha. Yeroo ammaa nama saddeet keessaa namni tokko sababa faalama qillensaatiin du’utti jira. Kana jechuun wagga waggaan namoonni miiliyoona 7 tahan sababa faalama qilleensaatiin lubbuu dhabu jechuudha. Haroon kaaraachaay jedhamuun beekkamu kan Raashiyaa keessatti argamu, iddoowwan haalaan faalaman keessaa sadarkaa duraa irratti argama. iddoon kun bakka mootummaan Raashiyaa balfa warshaa Niwuklaraa keessaa bahu itti dhangalaasu yoo tahu, namni tokko osoo qaama isaatti waa hin haguugin bakka kana daqiiqaa shaniif yoo dhaabbate ni du’a. Bara 1960moota keessa haroon kun gogee ture. Yeroo sanitti ammoo dhukkeen haroo kanarraa ka’uun gara iddoo garagaraa bittinnaaye lubbuu namoota miiliyana walakkaa galaafatee jira. Wagga waggaan daa’imman kuma 600 ol tahan sababa faalama qilleensaatiin akka du’an dhaabbanni fayyaa addunyaa beeksiseera. Wagga waggaan sababa faalama bishaaniitiin namoonni Miiliyana 3.4 tahan lubbuu isaanii dhabutti jiru.
Wagga waggaan sababa faalama bishaaniitiin namoonni Miiliyana 3.4 tahan lubbuu isaanii dhabutti jiru. Faalamni qaamman bishaanii wagga waggaan allaattiiwwan qarqara bishaanii jiraatan kan miiliyoona tokko tahan kan galaafatu yoo tahu, sababa faalama qilleensaatiin ammoo hoosiftoonni miiliyana 100 tahanis lubbuu isaanii dhabu. Magaalota qilleensa faalamaa qaban keessaa takka Magaalaa Guddoo Chaaynaa, Beejiing yoo taatu, namni heddu magaala tana keessatti afaanii fi funyaan isaa Maaskiin haguugee deema. Kun sababaa malee waan godhamee miti. Namni osoo afaaniif funyaan hin haguugatin magaalaa tana keessa guyyaa tokko oole, akka nama Tamboo 21 xuuxeetti qilleensa faalamaa harganaa oola. Magaalonni addunyaa tanarra jiran qilleensa faalameen rakkachaa jiru. Aarri warshaalee fi makiinaawwan irraa maddu magaalota faaluu isaa itti fufeera. Yeroo ammaa kana magaalota qileensa faalamaa qaban jedhamanii sadarkaan haga 10ffaa kaayaman keessaa magaalonni sagal Indiyaa keessatti argamu. Tokkoffaa irraa kaasee hanga 7ffaa Kaanpuur, Faaridaabaad, Vaaraanaasii, Gaayaa, Paatnaa, Niiw Dalhii, fi Laaknoow yoo tahan, 8ffaa irratti ammoo Magaalaa Baameendaa jedhamtu tan Kaameeroon keessatti argamtutu argama. Magaalan Agraa fi Muzaffarpuur sadarkaa 9ffaa fi 10ffaa irra jiru. Ardiilee dachii tanarra jiran keessaa Antarkitikaan dachii qulqulluu jedhamuun beekkamti. Akkasumas akka sadarkaa addunyaatti ardii tanarratti wantoota faalama qilleensaa fiduu danda’an gatuun seeraan dhoorkamaadha. Dhaabbanni qilleensa Ameerikaa too’atu kan EPA jedhamu, Ameerikaa keessatti eddoowwan 36,000 ol tahan haalaan faalamuu isaanii ibseera. Naannawa kanniin qulqulleessuudhaaf, haga dolaara Triiliyoona 1.7 tahutu barbaachisa jedhe.
Fakkeenyi Dagal-hareeyyootaa kanneen akka fattee, raachaafi kan kana fakkaataniidha
Kutaalee subatomikii Atoomoonni suudoowwan baay’ee xixiqqoodha. Suudoowwan kunniin wantoota sammuu keenyatti baay’ee xixiqqoodha jennee yaadnu kam irraayyuu xixiqqoodha. Fakkeenyaaf, atoomoonni koopparii 100,000 000 walcinaa yoo hiriirfaman sarara 1cm dheeratu uumu. Kanarraa ka’uun atoomiin hagam xiqqaa akka ta’e tilmaamuun ni danda’ama. Wantoonni addunyaa kana irratti argaman martinuu suudoowwan xixiqqoo kanneen irraa ijaaraman. Atooomiin suudoo baay’ee xiqqoo ta’us, suudoowwan xixiqqoo isaa gadii kanneen suudoowwan cita-atoomii jedhaman ofkeessaa qaba. suudoowwan cita-atomii keessaa isaan bu’uurri pirootoonii, elektirooniifi niwutiroonii dha. Section::::Hanga sadhaatawaa, chaarjiifi argama suudoowwan cita Atoomaawaa. Atoomiin elektiroonii, pirootoniifi niwutiroonii of keessaa qaba. Suudoowwan cita atoomii kunneen amaloota mataa isaanii qabu. Elektiroonii: Suudoon kun sheelii keessatti kan argamuufi niwukilasiitti kan marsuu dha. Chaarjiin isaa neegaativii dha. Chaarjiin sadhaatawaan elektiroonii -1 dha. Chaarjiin elektiroonii kun koloombiin -1.602×10-19 dha. Hangi elektiroonii giraamaan 9.11×10-28 yummuu ta’u, yuuniitii hanga atoomaawaan (YHA) 0.00055 dha. Pirootoonii: Pirootooniin niwukilasii keessatti argama. Chaarjiin isaa poozatiiviidha. Kunis koloombiin yommuu safaramu 1.602 × 10-19 dha. Chaarjiin sadhaatawaan isaa immoo +1 dha. Hangi pirootoonii giraamaan 1.67 × 10-24 yommuu ta’u, yuuniitii hanga atoomaawaan (YHA) 1.0073 dha.
Hangi pirootoonii giraamaan 1.67 × 10-24 yommuu ta’u, yuuniitii hanga atoomaawaan (YHA) 1.0073 dha. Niwutiroonii: Niwutirooniin niwukilasii keessatti pirootooniin walmakee argama. Niwutirooniin chaarji-dhabeessa. Kanaafuu, wal-dhiibbaa pirootoonota gidduu jiru hir’isa
Hangi iddoo kamittuu dhaabbataadha.
Meetaamorfoosisii Meetamoorfoosiin ykn Bocjijiirraan adeemsa baayoloojii bineensi tokko jijjiirama dhalootaa ykn baqaqsuu dabalatee qaamaan guddatu yoo ta’u, jijjiirama mul’ataa fi tasa ta’e caasaa qaama bineensichaa irratti guddina seelii fi addaan baafamuu kan of keessaa qabudha . Ilbiisonni tokko tokko, qurxummiin, amfibiyaanota, qolaalqabeeyyii(mollusks), qurxumelellaa(cnidarians), Bocjijirraa keessa darbu, kunis yeroo baayyee jijjiirama madda soorataa ykn amala wajjin kan dhufudha. Bineensonni gosoota Bocjijirraa guutuu (" meetaamoorfoosii Guutuu/ holometaboly "), Bocjijirraa Hanquu (" hemimetaboly "), ykn Bocjijirraa maleeyyii (" ametaboly ") jedhamanii qoodamuu danda'u. Section::::Bocjijirraa Guutuu. Meetamoorfoosiin ykn bocjijirraan guutuu gosa guddina ilbiisotaa kan hanqaaquu(egg), Jiisaa(larva), ashiilee (pupa), fi ga’eessotaa of keessatti hammate yoo ta’u, isaanis bocaadhaan garaagarummaa guddaa qabu. Marsaan jireenyaa billaachaa, mixii, tafkii, kannissaa, fuutuu ykn dhiyaana ibidda, soonsaa fi boombii fakkeenya jijjiirama guutuuti Hanqaaquu Jiisaa Ashiilee Ga’eessa Section::::Bocjijirraa Hanquu. Meetamoorfoosiin Hanquun gosa meetaamoorfoosii ilbiisonni hanqaaquu irraa baqaqee booda sadarkaa niimfii(corqaa) hedduu keessa darbudha. Tokkoon tokkoon sadarkaa corqaa xiqqaa ge'essa guddaa fakkaata garuu umurii wajjin xiqqoo guddachaa deema. Sadarkaa corqaa isa dhumaa irratti ilbiisonni sun booda gara bifa ga’eessotaatti jijjiramuu. Marsaan jireenyaa Hawaanissaa, korophissaa, Balballaa, rirmaa, fi injiraani fakkeenya Bocjijirraa Hanquuti Fakkenyaa marsaa jireenya Hawaanissaa Hanqaaquu Niimfii Ga’eessa.
Marsaan jireenyaa Hawaanissaa, korophissaa, Balballaa, rirmaa, fi injiraani fakkeenya Bocjijirraa Hanquuti Fakkenyaa marsaa jireenya Hawaanissaa Hanqaaquu Niimfii Ga’eessa. Adeemsi marsaa jireenyaa kun meetaamorfoosisii ykn bocjijirraa hanquu jedhama. Hanqaaquun gara niimfiitti ykn corqaattii, corqaan immoo gara ga’eessaatti jijjirama. Sanyiin kormaa fi dhalaa qaama dhalaa keessatti wal-fudhachuun fartiilaayizeeshiniin qaama keessaa gaggeeffama. Hanqaaquun gabbattee hanqaaqamte guyyaa muraasa keessatti gara hawwaannisa xiqqaatti jijjiirama. Hawaannisni xiqqaan kun niimfii ykn corqaa jedhama. corqaan sadarkaa jiisaa hawwaannisaati. Hawwaannisni meetaamorfoosisii hanquu waan gaggeessuf sadarkaa puuppaa ykn ashiilee hin qabu.
Hoffaan ykn soomayyoon jirma micirees jedhamuun beekkamuu.
Sanbata guyyaa Yihudoonni fi Adveentistoonni guyyaa torbaffaa itti kabajanidha.